WANGEELA LUQAAS
1 Namoonni hedduun ragaawwan nuti guutummaatti amannee fudhanne sana qindeessuuf carraaqqii godhaniiru.+ 2 Warri jalqabumaa kaasee wantoota kana ijaan arganii+ fi tajaajiltoota ergichaa taʼanis ragaawwan kana nutti dabarsaniiru.+ 3 Yaa kabajamaa Tewooflos,+ anis gama kootiin wanta hunda jalqabaa kaasee of eeggannoodhaan waanan qoradheef, seenaa isaa duraa duubaan sii barreessuuf murteesseera. 4 Kanas kanan godhe, wantoonni afaaniin baratte sun dhugaa taʼuu isaanii baʼeessa gootee akka beektuufi.+
5 Bara Heroodis*+ mootii Yihudaatti, lubni Zakkaariyaas jedhamuu fi garee lubootaa Abiyaa+ keessaa tokko taʼe jira ture. Haati manaa isaa sanyii Aaron yeroo taatu maqaan ishii Elsaabex jedhama ture. 6 Lamaanuu ajajawwanii fi seerawwan Yihowaa* hunda eeganii mudaa malee deddeebiʼuudhaan Waaqayyo duratti qajeelota turan. 7 Haa taʼu malee, Elsaabex dhabduu* waan turteef isaan dhala hin qaban turan; lamaan isaaniis dulloomanii turan.
8 Gaaf tokko Zakkaariyaas dabareen garee+ isaa waan gaʼeef, Waaqayyo duratti tajaajila lubummaa isaa utuu raawwachaa jiruu, 9 akka barsiifata lubummaatti gara mana qulqullummaa Yihowaa* seenee+ ixaana aarsuuf+ dabareen isaa ni gaʼe. 10 Saʼaatii ixaanni itti aarfamuttis guutummaan uummatichaa alatti kadhachaa turan. 11 Maleekaan Yihowaas* iddoo aarsaa ixaanaa irraa kallattii mirgaatiin dhaabbatee isatti mulʼate. 12 Zakkaariyaas garuu yommuu isa argu naʼee akka malee sodaate. 13 Haa taʼu malee, maleekaan sun akkana isaan jedhe: “Yaa Zakkaariyaas, wawwaannaan kee waan siif dhagaʼameef hin sodaatin, haati manaa tee Elsaabex ilma siif deessi; atis maqaa isaa Yohaannis jettee moggaasta.+ 14 Ati gammachuu guddaa ni argatta; namoonni hedduunis inni dhalachuu isaatti baayʼee ni gammadu;+ 15 sababiin isaas, inni Yihowaa* duratti guddaa ni taʼa.+ Haa taʼu malee, inni matumaa daadhii wayiniis taʼe dhugaatii alkoolii kam iyyuu dhuguu hin qabu;+ yeroo gadameessa haadha isaa keessa jiruu+ jalqabees* hafuura qulqulluudhaan ni guutama. 16 Inni ilmaan Israaʼel keessaa namoota hedduu gara Waaqa isaanii Yihowaatti* ni deebisa.+ 17 Kana malees inni garaa abbootii gara ijoolleetti,+ namoota hin ajajamnes gara ogummaa qajeelotaatti deebisuuf hafuuraa fi humna Eeliyaasiin fuula isaa dura ni deema;+ kunis namoota Yihowaadhaaf* qopheessuufi.”+
18 Zakkaariyaasis maleekaa sanaan, “Kun akka taʼu akkamittan mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼa? Silaa ani dulloomeera, haati manaa tiyyas umuriidhaan sokkiteetti” jedhe. 19 Maleekaan sunis deebisee akkana isaan jedhe: “Ani Gabriʼeel+ isa fuula Waaqayyoo dura dhaabbatu dha;+ si haasofsiisuu fi misiraachoo kana sitti himuufan ergame. 20 Haa taʼu malee, ati dubbii koo isa yeroo isaaf murteeffametti raawwatamu waan hin amanneef, hamma guyyaa wantoonni kun raawwatamaniitti duudaa taata; dubbachuus hin dandeessu.” 21 Yeroo kanatti uummatichi Zakkaariyaasiin eegaa waan turaniif, mana qulqullummaa keessa baayʼee turuu isaatti ni dinqisiifatan. 22 Yommuu gad baʼus isaanitti dubbachuu waan dadhabeef, mana qulqullummaa keessatti mulʼata akka arge hubatan. Inni arrabni isaa waan hidhameef, mallattoodhaan isaanitti dubbata ture. 23 Guyyoonni inni tajaajila qulqulluu* itti dhiheessu yommuu xumuramanis gara mana isaa dhaqe.
24 Guyyoota muraasa booda haati manaa isaa Elsaabex ni ulfoofte; jiʼa shaniifis manaa hin baane; akkana jette: 25 “Amma Yihowaan* kana naaf godheera. Inni arrabsoo namoota gidduutti ana irra gaʼu na irraa kaasuuf, xiyyeeffannaa anaaf kenneera.”+
26 Ishiin ulfooftee jiʼa jaʼaffaatti, Waaqayyo maleekaa isaa Gabriʼeeliin+ gara magaalaa Naazireet ishii Galiilaa keessatti argamtuutti erge; 27 kan ergames gara durba+ namicha mana Daawit keessaa taʼee fi maqaan isaa Yoseef jedhamuuf kaadhimamtetti ture; maqaan ishiis Maariyaam jedhama ture.+ 28 Maleekaan sunis ol seenee, “Yaa ishii baayʼee eebbifamtuu nana, nagaan siif haa taʼu, Yihowaan* sii wajjin jira” ishiidhaan jedhe. 29 Ishiin garuu wanta inni dubbateen kan kaʼe baayʼee naatee, kun nagaa akkamii akka taʼe hubachuuf yaaduu jalqabde. 30 Kanaafuu, maleekaan sun akkana ishiidhaan jedhe: “Yaa Maariyaam, Waaqayyo duratti fudhatama waan argatteef hin sodaatin. 31 Kunoo, ulfooftee ilma ni deessa;+ maqaa isaas Yesuus jettee moggaasta.+ 32 Inni guddaa ni taʼa;+ Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama;+ Yihowaanis* teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna;+ 33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraaf Mootii taʼee ni bulcha; Mootummaan isaas dhuma hin qabaatu.”+
34 Maariyaam garuu maleekaa sanaan, “Dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwadhee waanan hin beekneef, kun akkamitti taʼuu dandaʼa?”+ jette. 35 Maleekaan sunis akkana jedhee ishiidhaaf deebise: “Hafuurri qulqulluun si irra buʼa,+ humni Isa Hundaa Oliis si golga. Kanaan kan kaʼes mucaan dhalatu qulqullicha,+ Ilma Waaqayyoo+ jedhama. 36 Kunoo, firri kee Elsaabexis bara dulluma ishiitti ilma ulfoofteetti; dubartiin dhabduu* jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa ishii qabatteetti; 37 sababiin isaas, wanti Waaqayyo dubbatee utuu hin raawwatamin hafu tokko illee hin jiru.”*+ 38 Maariyaamis, “Kunoo, ani garbittii Yihowaa* ti! Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu” jette. Achiis maleekaan sun ishii biraa deeme.
39 Guyyoota muraasa booda Maariyaam kaatee ariitiidhaan gara biyya gaarotaa, gara magaalaa Yihudaa tokkoo deemte; 40 achiis mana Zakkaariyaas seentee Elsaabexiin nagaa gaafatte. 41 Elsaabex nagaa Maariyaam yommuu dhageessu mucaan gadameessa ishii keessa jiru ni utaale; Elsaabexis hafuura qulqulluudhaan guutamte; 42 sagalee ishii ol kaastees akkana jette: “Ati dubartoota keessaa eebbifamtuu dha; mucaan gadameessa kee keessa jirus eebbifamaa dha! 43 Haati Gooftaa kootii gara koo dhufuun ishii anaaf ulfina guddaa dha! 44 Kunoo, akkuma sagaleen nagaa kee gurra koo buʼeen, mucaan gadameessa koo keessa jiru gammachuudhaan utaale. 45 Wanti Yihowaan ishiitti dubbate guutummaatti waan raawwatamuuf, ishiin kana amante haa gammaddu.”
46 Maariyaamis akkana jette: “Lubbuun koo* Yihowaa* jajatti;+ 47 garaan koos Waaqa isa Fayyisaa koo+ taʼetti baayʼee gammada; 48 sababiin isaas, inni iddoo gad aanaa garbittiin isaa qabdu argeera.+ Egaa ammaa jalqabee dhaloonni hundi gammadduu naan jedha;+ 49 sababiin isaas, inni humna qabeessa taʼe sun wantoota guguddaa naaf godheera; maqaan isaas qulqulluu dha;+ 50 gara laafinni isaa dhalootaa hamma dhalootaatti warra isa sodaatan irra ni jiraata.+ 51 Inni irree isaatiin hojiiwwan guguddaa hojjeteera; warra wanta garaa isaaniitti yaadaniin of tuulanis bittinneesseera.+ 52 Inni namoota aangoo qaban teessoo isaanii irraa gad buuseera;+ warra gad deebiʼan immoo ol qabeera;+ 53 warra beelaʼan wantoota gaggaariidhaan quubseera;+ sooressota immoo harka duwwaa deebiseera. 54 Inni waadaa garaa isaaf laafuuf gale yeroo hunda akka yaadatu argisiisuuf tajaajilaa isaa Israaʼeliin gargaareera;+ 55 inni Abrahaamii fi sanyii isaatti bara baraaf gara laafina argisiisuuf waadaa galeera;+ wanti inni abbootii keenyatti dubbates kanuma ture.” 56 Maariyaam gara jiʼa sadiitiif Elsaabex bira erga turtee booda, gara mana ishiitti deebite.
57 Elsaabexis yeroon itti deessu gaʼee ilma deesse. 58 Olloonni ishii fi firoottan ishii Yihowaan* gara laafina guddaa ishiitti argisiisuu isaa dhagaʼanii ishii wajjin gammadan.+ 59 Guyyaa saddeettaffaattis mucicha dhaqna qabuu+ dhufan; maqaa isaas Zakkaariyaas jedhanii maqaa abbaa isaatiin moggaasuu yaadan. 60 Haati isaa garuu deebistee, “Hin taʼu! Yohaannis jedhamuu qaba” jette. 61 Yeroo kanatti isaan, “Firoottan kee keessaa maqaa kanaan kan waamamu hin jiru” ishiidhaan jedhan. 62 Achiis mucicha eenyu jedhee waamuu akka barbaadu mallattoodhaan abbaa isaa gaafatan. 63 Innis gabatee irratti barreeffamu gaafatee, “Maqaan isaa Yohaannisi”+ jedhee barreesse. Yeroo kanatti hundi isaanii ni dinqisiifatan. 64 Yeruma sanas afaan isaa ni saaqame, arrabni isaa ni hiikame, innis dubbachuu jalqabe;+ Waaqayyoonis ni jajate. 65 Olloonni isaanii hundi baayʼee sodaatan; wanti kun hundi guutummaa biyya gaarotaa Yihudaa keessatti odeeffamuu jalqabe. 66 Warri dhagaʼan hundis, “Dhumni mucaa kanaa maal taʼa laata?” jedhanii kana garaa isaaniitti qabatan. Sababiin isaas, dhugumaan Yihowaan* isaa wajjin ture.
67 Achiis abbaan isaa Zakkaariyaas hafuura qulqulluudhaan guutamee akkana jedhee raajii dubbate: 68 “Yihowaan Waaqni Israaʼel saba isaatiif xiyyeeffannaa waan kennee fi fayyina waan isaanii fideef+ haa jajamu.+ 69 Inni mana tajaajilaa isaa Daawit+ keessatti gaanfa fayyinaa*+ nuu kaaseera; 70 kunis akkuma karaa afaan raajota isaa warra qulqulluu bara duriitii jalqabee turaniin dubbatetti dha.+ 71 Inni diinota keenyaa fi harka warra nu jibban hundumaa jalaa akka nu oolchu+ waadaa galeera. 72 Wanta abbootii keenyatti dubbate raawwachuudhaan gara laafina isaanitti argisiisa; kakuu isaa isa qulqulluus ni yaadata;+ 73 kunis kakuu inni abbaa keenya Abrahaamiif kakate dha;+ 74 akkuma kakuu isaattis harka diinota keenyaa jalaa erga nu baasee booda, sodaa malee tajaajila qulqulluu akka isaaf dhiheessinu mirga nuu kenna; 75 kanas bara jireenyaa keenya hundumaatti amanamummaa fi qajeelummaadhaan isa duratti raawwanna. 76 Ati garuu yaa mucaa nana, daandii isaa qopheessuuf Yihowaa* dura waan deemtuuf,+ raajii Isa Hundaa Olii jedhamtee waamamta; 77 sabni isaa dhiifama cubbuu akka argatan gochuudhaan beekumsa fayyinaa isaaniif kennita;+ 78 Kunis kan taʼe gara laafina guddaa Waaqa keenyaatiin kan kaʼe dha. Gara laafina kanaanis ifni akka barii ganamaa ol gubbaadhaa nuu baʼa; 79 inni warra dukkana keessaa fi gaaddidduu duʼaa jala taaʼanii jiraniif ifa kenna;+ akkasumas miilli keenya daandii nagaa irra akka deemu godha.”
80 Mucaan sun ni guddate, hafuuraan ni cime; hanga guyyaa Israaʼelotatti ifatti of mulʼisettis lafa onaa keessa jiraate.
2 Bara sana namoonni lafa irratti argaman hundi akka galmeeffaman Awugusxos Qeesaar biraa labsiin ni baʼe. 2 (Galmeen inni jalqabaa kun kan geggeeffame, yeroo Qereenewos bulchaa Sooriyaa turetti dha.) 3 Kanaafuu, namni hundi galmeeffamuuf gara magaalaa isaa dhaqe. 4 Yoseefis+ manaa fi sanyii Daawit keessaa kan dhalate waan taʼeef, galmeeffamuuf magaalaa Naazireet ishii Galiilaa keessatti argamtuu kaʼee, gara Yihudaa, gara magaalaa Daawit ishii Beetaliheem+ jedhamtutti ol baʼe. 5 Galmeeffamuu kan dhaqes Maariyaam ishii akkuma kaadhimatee turetti+ fuudhee fi daʼuu jala geessee wajjin ture.+ 6 Utuma achi jiraniis yeroon ishiin itti deessu ni gaʼe. 7 Ishiinis ilma ishii isa hangafaa ni deesse;+ bakka keessummoonni bulan keessa iddoon waan hin jirreef, mucicha huccuudhaan martee gongaa* keessa ciibsite.+
8 Naannoo sana keessa tiksitoonni halkan hoolota isaanii eegaa ala bulan jiru turan. 9 Akkuma tasaa, maleekaan Yihowaa* isaan dura dhaabbate; ulfinni Yihowaas* naannoo isaaniitti ibse; isaanis baayʼee sodaatan. 10 Maleekaan sun garuu akkana isaaniin jedhe: “Hin sodaatinaa! Kunoo, ani misiraachoo namoota hundaaf gammachuu guddaa argamsiisu isinitti nan hima. 11 Harʼa magaalaa Daawit+ keessatti fayyisaan isiniif dhalateera;+ innis Kiristoos Goofticha+ dha. 12 Kun mallattoo isiniif taʼa: Mucaan tokko huccuudhaan maramee gongaa* keessa ciisee argitu.” 13 Akkuma tasaa raayyaan samii+ hedduun maleekaa sanaa wajjin mulʼatanii, akkana jedhanii Waaqayyoon jajatan: 14 “Samii irratti Waaqayyoof ulfinni haa taʼu; lafa irrattis namoota isa biratti fudhatama argataniif nagaan haa taʼu.”
15 Yommuu maleekonni sun isaan biraa deemanii gara samiitti deebiʼan tiksitoonni sun, “Kottaa, ammuma gara Beetaliheem dhaqnee wanta taʼe, isa Yihowaan* nu beeksise haa ilaallu” waliin jechuu jalqaban. 16 Kanaafuu, isaan yeruma sana deemanii Maariyaamii fi Yoseefiin, akkasumas mucicha isa gongaa* keessa ciise argan. 17 Yommuu kana arganis, mucicha ilaalchisee ergaa isaanitti himame sana dubbatan. 18 Namoonni kana dhagaʼan hundis wanta tiksitoonni kun isaanitti himan ni dinqisiifatan; 19 Maariyaam garuu wanta dhageesse kana hunda garaa ishiitti qabattee irratti xiinxalti turte.+ 20 Tiksitoonni sunis wanti isaan dhagaʼanii fi argan hundi wanta isaanitti himamee wajjin tokko waan taʼeef, Waaqayyoof ulfina kennaa, akkasumas isa jajachaa deebiʼan.
21 Guyyaa saddeettaffaatti yeroon itti dhaqna isa qaban yommuu gaʼu,+ akkuma maleekaan Waaqayyoo haati isaa ulfaaʼuu ishii dura dubbatee turetti maqaa isaa Yesuus jedhanii moggaasan.+
22 Kana malees, akka Seera Museetti yeroon isaan itti qulqullaaʼan yommuu gaʼu,+ mucicha Yihowaa* duratti dhiheessuuf gara Yerusaalemitti fidan; 23 kanas kan godhan akkuma Seera Yihowaa* keessatti, “Dhiirri jalqaba dhalatu hundi* Yihowaadhaaf* qulqulluu haa taʼu”+ jedhamee barreeffametti dha. 24 Akkuma Seera Yihowaa* keessatti, “gugee* bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama”+ jedhamee ibsametti aarsaa ni dhiheessan.
25 Yeroo kanatti Yerusaalem keessa namichi Simiʼoon jedhamu tokko jira ture; inni nama qajeelaa fi nama Waaqayyoof bule, akkasumas nama yeroo Waaqayyo Israaʼeliin itti jajjabeessu+ eeggatu ture; hafuurri qulqulluunis isa irra ture. 26 Kana malees, inni Kiristoos isa Yihowaan* ergu utuu hin argin akka hin duune Waaqayyo hafuura qulqulluudhaan isatti mulʼisee ture. 27 Inni yeroo kanatti hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee gara mana qulqullummaa dhufe; yommuu warri isaa wanta Seerichi ajaju isaaf gochuuf Yesuus mucicha fuudhanii seenan,+ 28 Simiʼoon mucicha fuudhee hammatee akkana jedhee Waaqayyoon jajate: 29 “Yaa Gooftaa Ol Aanaa, akkuma dubbattetti amma garbichi kee nagaadhaan akka boqotu godhi;+ 30 sababiin isaas, ijji koo karaa ati fayyina ittiin argamsiistu+ argeera; 31 kunis isa ati namoota hundumaa duratti qopheessite dha;+ 32 inni ifa+ saboota irraa haguuggii fuudhuu+ fi saba kee Israaʼeliif ulfina taʼe dha.” 33 Abbaa fi haati mucichaas, wantoota waaʼee mucichaa dubbataman ni dinqisiifatu turan. 34 Kana malees, Simiʼoon isaan eebbise; Maariyaam haadha mucichaatiinis akkana jedhe: “Kunoo, mucaan kun Israaʼel keessatti kufaatii+ fi kaʼumsa namoota hedduutiif sababa taʼa;+ akkasumas mallattoo tuffatamu ni taʼa;+ 35 (eeyyee, goraadee dheeraan si* keessa ni darba)+ kunis kan taʼu, yaadni garaa namoota hedduu keessa jiru ifatti akka baʼuufi.”
36 Raajittiin gosa Asheer keessaa taatee fi Haannaa jedhamtu tokko jirti turte; ishiin intala Faanuʼeel turte. Dubartiin tun umuriidhaan kan sokkite turte; erga heerumtee boodas* abbaa manaa ishii wajjin kan jiraatte waggaa torbaaf qofa ture; 37 ishiin dubartii abbaan manaa irraa duʼe yommuu taatu, yeroo kanatti umuriin ishii waggaa 84 ture. Ishiin mana qulqullummaa keessaa utuu hin dhabamin soomaa fi wawwaannaa dhiheessaa halkanii fi guyyaa tajaajila qulqulluu dhiheessiti turte. 38 Ishiinis saʼaatii sanatti dhihaattee Waaqayyoof galata galchuu, warra fayyina Yerusaalem eeggatan+ hundumaattis waaʼee mucichaa dubbachuu jalqabde.
39 Yoseefii fi Maariyaam wanta hunda akka Seera Yihowaatti*+ erga raawwatanii booda, gara magaalaa isaanii Naazireet+ ishii Galiilaatti argamtutti deebiʼan. 40 Mucichis guddachaa fi cimaa, akkasumas ogummaadhaan guutamaa deeme; deggersa Waaqayyoos qaba ture.+
41 Warri isaa waggaa waggaadhaan Ayyaana Faasikaa+ kabajuuf gara Yerusaalem deemuu amaleeffatanii turan. 42 Yeroo umuriin isaa waggaa 12 taʼutti akkuma yeroo hunda godhan ayyaanichaaf+ gara Yerusaalemitti ol baʼan. 43 Yommuu guyyoonni ayyaanichaa xumuramanii gara mana isaaniitti deebiʼuu jalqabanis, Yesuus mucichi Yerusaalemitti hafe; warri isaa garuu kana hin hubanne. 44 Namoota waliin deemaa jiranii wajjin kan jiru waan isaanitti fakkaateef adeemsa guyyaa tokkoo deeman; achiis firoottanii fi namoota beekan gidduu isa barbaaduu jalqaban. 45 Yeroo isa dhaban garuu, gara Yerusaalemitti deebiʼanii cimsanii isa barbaadan. 46 Guyyaa sadii boodas, mana qulqullummaa keessatti utuu inni barsiisota gidduu taaʼee isaan dhaggeeffatuu fi gaaffii isaan gaafatuu isa argatan. 47 Namoonni isa dhaggeeffatan hundis hubannaa fi deebii inni kennu baayʼee dinqisiifatu turan.+ 48 Warri isaas yeroo isa argan baayʼee dinqisiifatan; haati isaas, “Yaa ilma koo, maaliif akkana nu goote? Anii fi abbaan kee baayʼee dhiphannee si barbaadaa turre” isaan jette. 49 Inni garuu, “Maaliif na barbaaddan? Mana Abbaa koo+ keessa taʼuu akkan qabu hin beektanii?” isaaniin jedhe. 50 Isaan garuu wanta inni isaaniin jedhe hin hubanne.
51 Achiis isaanii wajjin gad buʼee gara Naazireetitti deebiʼe; isaaniif bitamuu* isaas itti fufe.+ Haati isaas wantoota jedhaman kana hunda garaa ishiitti qabatti turte.+ 52 Yesuusis ogummaa fi qaamaan guddachaa deeme, Waaqayyoo fi namoota duratti fudhatama argachuu isaas itti fufe.
3 Xibaariyoos Qeesaar bulchuu jalqabee waggaa 15ffaa isaatti, yeroo Phonxiyos Philaaxos bulchaa biyya Yihudaa, Heroodis*+ bulchaa koonyaa* Galiilaa, obboleessi isaa Filiphoos bulchaa koonyaa biyya Ixuuriyaa fi Xiraakonixis, Lisaaniyaas immoo bulchaa koonyaa Abiilaan turanitti, 2 bara Haannaasii fi Qayyaafaan+ dura buutota lubootaa turanitti, dubbiin Waaqayyoo lafa onaa+ keessatti gara Yohaannis+ ilma Zakkaariyaas ni dhufe.
3 Kanaafuu inni, cuuphaa isa mallattoo yaada geddarannaa taʼee fi dhiifama cubbuu argachuuf karaa banu lallabaa guutummaa biyya naannoo Yordaanositti argamu keessa naannaʼe;+ 4 kunis kan taʼe akkuma kitaaba Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffametti dha: “Sagaleen tokko lafa onaa keessaa akkana jedhee iyya: ‘Daandii Yihowaa* qopheessaa! Karaa isaas wal qixxeessaa.+ 5 Sululli hundi haa guutamu; gaarrii fi tabbi hundi diriiraa haa taʼu; karaan jajalʼaan qajeelaa haa taʼu; daandii buʼaa baʼiinis wal haa qixxaatu; 6 foon* hundis fayyina Waaqayyo+ fidu* ni arga.’”
7 Kanaafuu, Yohaannis namoota hedduu harka isaatiin cuuphamuuf gara isaa dhufaniin akkana jedhe: “Isin ijoollee buutii nana, dheekkamsa isa dhufaa jiru+ jalaa akka baqattan eenyutu isin akeekkachiise? 8 Kanaafuu, firii yaada geddarachuu keessan argisiisu godhadhaa. ‘Abbaan keenya Abrahaami’ jettanii of hin gowwoomsinaa. Ani isinitti nan hima, Waaqayyo dhagoota kana keessaa Abrahaamiif ijoollee kaasuu ni dandaʼa. 9 Ammuma iyyuu qottoon mukeetii jala kaaʼameera. Kanaafuu, mukti firii gaarii hin godhanne hundi muramee ibiddatti gatama.”+
10 Namoonni sunis, “Maarree maal gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan. 11 Innis deebisee, “Namni uffata lama* qabu, isa tokko nama homaa hin qabneef haa kennu; namni wanta nyaatamu qabus akkanuma haa godhu”+ isaaniin jedhe. 12 Warri qaraxa sassaaban illee cuuphamuuf gara isaa dhufanii,+ “Barsiisaa, maal gochuu qabna?” isaan jedhan. 13 Innis, “Qaraxa murteeffame caalaa homaa hin gaafatinaa”*+ isaaniin jedhe. 14 Loltoonnis, “Nuti hoo maal gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Eenyuun iyyuu hin miidhinaa* yookiin eenyuun iyyuu sobaan hin himatinaa;+ kanaa mannaa, gaʼee* argattanitti gammadaa jiraadhaa” isaaniin jedhe.
15 Uummatichi Kiristoosiin eegaa waan tureef hundi isaanii, “Namni kun Kiristoos taʼinnaa laata?” jedhanii waaʼee Yohaannis garaa isaaniitti yaadu turan.+ 16 Yohaannisis akkana jedhee hunda isaaniitiif deebii kenne: “Ani bishaaniin isin nan cuupha; inni ana caalaa jabaa taʼe dhufaa jira; ani hidhaa kophee isaa illee hiikuuf gaʼumsa hin qabu.+ Inni hafuura qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha.+ 17 Inni oobdii isaa guutummaatti qulqulleessuu fi qamadii isaa gootaraatti galchuuf laayidaa* ittiin qulleessu harkatti qabateera; habaqii isaa garuu ibidda dhaamuu hin dandeenyeen guba.”
18 Kana malees inni gorsa kan biraa hedduu namootaaf ni kenne; misiraachichas isaaniif lallabuu isaa itti fufe. 19 Haa taʼu malee, bulchaa koonyaa kan taʼe Heroodis sababii haadha manaa obboleessa isaa Heroodiyaasii fi hammina inni hojjete hundumaatiif Yohaannis waan isa balaaleffateef, 20 Yohaannisiin mana hidhaatti galchuudhaan caalaatti hammina hojjete.+
21 Yeroo namoonni hundi cuuphamanitti, Yesuusis ni cuuphame.+ Utuu inni kadhachaa jiruus samiin banamee+ 22 hafuurri qulqulluun bifa qaamaatiin akka gugeetti isa irra buʼe; sagaleen, “Ati Ilma koo isa jaallatamaa dha; ani sitti nan gammada”+ jedhus samii irraa ni dhufe.
23 Yesuus+ yeroo hojii isaa jalqabetti umuriin isaa gara waggaa 30 ture;+ namoonnis akka inni
ilma Yoseef+ taʼetti yaadu turan;
Yoseef ilma Heelii,
24 Heeliin ilma Maataat,
Maataat ilma Leewwii,
Leewwiin ilma Malkii,
Malkiin ilma Yaanaay,
Yaanaay ilma Yoseef,
25 Yoseef ilma Maataatiyaas,
Maataatiyaas ilma Amoos,
Amoos ilma Naahom,
Naahom ilma Eslii,
Esliin ilma Naagee,
26 Naageen ilma Maaʼat,
Maaʼat ilma Maataatiyaas,
Maataatiyaas ilma Seemeen,
Seemeen ilma Yooseek,
Yooseek ilma Yoodaa,
27 Yoodaan ilma Yoʼanaan,
Yoʼanaan ilma Resaa,
Resaan ilma Zarubaabel,+
Zarubaabel ilma Saalaatiʼel,+
Saalaatiʼel ilma Neerii,
28 Neeriin ilma Malkii,
Malkiin ilma Adii,
Adiin ilma Qosaam,
Qosaam ilma Elmaadaam,
Elmaadaam ilma Eer,
29 Eer ilma Yesuus,
Yesuus ilma Eliiʼezar,
Eliiʼezar ilma Yooriim,
Yooriim ilma Maataat,
Maataat ilma Leewwii,
30 Leewwiin ilma Simiʼoon,
Simiʼoon ilma Yihudaa,
Yihudaan ilma Yoseef,
Yoseef ilma Yoonaam,
Yoonaam ilma Eliyaaqiim,
31 Eliyaaqiim ilma Meleyaa,
Meleyaan ilma Meenaa,
Meenaan ilma Maaxaataa,
Maaxaataan ilma Naataan,+
Naataan ilma Daawit,+
Issey ilma Yoobeed,+
Yoobeed ilma Boʼaaz,+
Boʼaaz ilma Salmoon,+
Salmoon ilma Naʼaasoon,+
33 Naʼaasoon ilma Aminaadaab,
Aminaadaab ilma Arnii,
Arniin ilma Hesroon,
Hesroon ilma Faares,+
Faares ilma Yihudaa,+
Yaaqoob ilma Yisihaaq,+
Yisihaaq ilma Abrahaam,+
Abrahaam ilma Taaraa,+
Taaraan ilma Naahor,+
Seruug ilma Reʼuu,+
Reʼuun ilma Feeleg,+
Feeleg ilma Ebeer,+
Ebeer ilma Sheelaa,+
36 Sheelaan ilma Qaayinaan,
Qaayinaan ilma Arfaaksaad,+
Arfaaksaad ilma Seem,+
Seem ilma Noh,+
Noh ilma Laameek,+
Maatusaalaan ilma Heenok,
Heenok ilma Yaared,+
Yaared ilma Mahaalaaliʼel,+
Mahaalaaliʼel ilma Qaayinaan,+
Eenosh ilma Seet,+
Seet ilma Addaam,+
Addaam ilma Waaqayyoo.
4 Sana booda Yesuus hafuura qulqulluudhaan guutamee Yordaanosii kan deebiʼe yeroo taʼu, lafa onaa keessattis hafuuraan geggeeffamaa+ 2 guyyaa 40f achi ture; yeroo kanattis Diyaabilosiin ni qorame.+ Guyyoota kanatti wanta tokko illee waan hin nyaanneef, guyyoonni kun yeroo xumuraman ni beelaʼe. 3 Yeroo kanatti Diyaabilos, “Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagaan kun daabboo akka taʼu ajaji” isaan jedhe. 4 Yesuus garuu, “‘Namni nyaata qofaan jiraachuu hin dandaʼu’ kan jedhu barreeffameera”+ jedhee isaaf deebise.
5 Kanaafuu, Diyaabilos gaara tokkotti ol isa baasee liphsuu ijaa gidduutti mootummoota addunyaa hundumaa isatti argisiise.+ 6 Achiis akkana isaan jedhe: “Aangoo kana hundumaa fi ulfina isaanii siif nan kenna; sababiin isaas, wantoonni kun anaaf kennamaniiru;+ anis abbaan barbaadeef nan kenna. 7 Kanaafuu, siʼa tokko qofa jilbeenfattee yoo na waaqeffatte wantoonni kun hundi kan kee taʼu.” 8 Yesuusis deebisee, “‘Waaqa kee Yihowaa* waaqeffadhu; isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi’+ kan jedhu barreeffameera” isaan jedhe.
9 Achiis gara Yerusaalemitti isa geessee fiixee* gamoo mana qulqullummaa irra isa dhaabbachiisee akkana isaan jedhe: “Ilma Waaqayyoo yoo taate mee as irraa gad of darbadhu;+ 10 sababiin isaas, akkana jedhamee barreeffameera: ‘Akka si eeganiif, inni maleekota isaa siif ni ajaja,’ 11 akkasumas, ‘Miilli kee dhagaatti akka hin rukutamneef isaan harka isaaniitti si baatu.’”+ 12 Yesuusis deebisee, “‘Waaqa kee Yihowaa* hin qorin’+ jedhameera” isaan jedhe. 13 Diyaabilosis qorumsicha hunda erga xumuree booda, hanga yeroo mijaaʼaa kan biraa argatutti isa dhiisee deeme.+
14 Sana booda Yesuus humna hafuuraatiin gara Galiilaatti deebiʼe.+ Oduu gaggaariin waaʼee isaa dubbatamus biyya naannoo sana jiru hundumaa keessatti ni babalʼate. 15 Kana malees, inni mana sagadaa isaanii keessatti isaan barsiisuu jalqabe; namoonni hundis ulfina isaaf kennu turan.
16 Achiis Naazireet+ bakka itti guddate dhaqe; guyyaa Sanbataattis akkuma barsiifata isaa mana sagadaa+ seenee dubbisuuf kaʼee dhaabbate. 17 Kanaafuu, maraan kitaaba Isaayyaas raajichaa isaaf ni kenname; innis maraa kitaabaa sana diigee bakka akkana jedhamee barreeffame argate: 18 “Hafuurri Yihowaa* ana irra jira; sababiin isaas, inni hiyyeeyyiidhaaf misiraachoo akkan labsu na dibeera. Warra boojiʼamaniif bilisa baʼuu, warra ijji isaanii jaameefis qaroon isaanii akka isaaniif deebiʼu akkan labsu, akkasumas warra cunqurfaman bilisa akkan baasuu+ fi 19 waggaa Yihowaa* biratti fudhatama qabu akkan labsu na ergeera.”+ 20 Sana booda maraa kitaabaa sana maree deebisee tajaajilaa sanatti kennee taaʼe; namoonni mana sagadaa sana keessa turan hundis hubatanii isa ilaalu turan. 21 Achiis, “Dubbiin Kitaaba Qulqulluu amma dhageessan kun harʼa raawwatameera”+ isaaniin jedhe.
22 Hundi isaaniis waaʼee isaa wanta gaarii dubbachuu jalqaban; kana malees, jechoota gaggaarii afaan isaa keessaa baʼan+ dinqisiifatanii, “Kun ilma Yoseef mitii?”+ jedhu turan. 23 Innis, “Isin mammaaksa, ‘Yaa abbaa qorichaa of fayyisi’ jedhu akka natti mammaaktan hin shakkisiisu; ‘Wanta Qifirnaahomitti+ hojjechuu kee dhageenye sana as biyya keettis hojjedhu’ naan jettu” isaaniin jedhe. 24 Kanaafuu, akkana isaaniin jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, raajiin kam iyyuu biyya isaatti fudhatama hin argatu.+ 25 Fakkeenyaaf, ani dhuguman isiniin jedha, Bara Eeliyaasitti yeroo waggaa sadii fi jiʼa jaʼaaf samiin cufamee guutummaa biyyattiitti beelli guddaan buʼetti,+ dubartoonni abbootiin manaa irraa duʼan hedduun Israaʼel keessa jiru turan. 26 Eeliyaas garuu gara dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi Saraaptaa ishii biyya Siidoonitti+ argamtutti ergame malee, dubartoota sana keessaa gara ishii kamiitti iyyuu hin ergamne. 27 Bara Eelsaaʼi raajichaattis namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman hedduun Israaʼel keessa jiru turan; taʼus Naʼamaan isa biyya Sooriyaa+ sana qofa malee, isaan keessaa tokko illee hin fayyine.”* 28 Namoonni mana sagadaa sana keessa turan hundi yommuu kana dhagaʼan baayʼee aaran;+ 29 achiis kaʼanii hatattamaan magaalattii keessaa erga gad isa baasanii booda, gad isa darbachuuf gara fiixee gaara magaalaan isaanii irratti ijaaramteetti ol isa baasan. 30 Inni garuu isaan gidduu darbee karaa isaa itti fufe.+
31 Achiis gara Qifirnaahom, magaalaa Galiilaatti gad buʼe. Guyyaa Sanbataattis isaan barsiisa ture;+ 32 inni aangoodhaan waan dubbatuuf, isaan akkaataa inni itti barsiisu baayʼee dinqisiifatan.+ 33 Yeroo kanatti namni hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko mana sagadaa sana keessa jira ture; inni sagalee guddaadhaan akkana jedhee iyye:+ 34 “Yaa Yesuus nama Naazireet,+ nuyii fi ati maal wal irraa qabna? Nu balleessuu dhuftee? Ati Qulqullicha Isa Kan Waaqayyoo taʼuu kee sirriittan beeka.”+ 35 Yesuus garuu, “Cal jedhi, isa keessaas baʼi” jedhee isa ifate. Kanaafuu, jinniin sun namicha gidduu isaaniitti kuffisee utuu isa hin miidhin isa keessaa baʼe. 36 Yeroo kanatti hundi isaanii dinqisiifatanii, “Kun dubbii akkamii ti? Inni aangoo fi humnaan hafuurota xuraaʼoo ajaja; isaanis ni baʼu!” waliin jedhan. 37 Kanaafuu, oduun waaʼee isaa dubbatamu biyya naannoo sana jiru keessatti kallattii hundumaatiin ni babalʼate.
38 Mana sagadaa sana keessaa erga baʼee booda gara mana Simoonitti seene. Yeroo kanatti amaatiin Simoon dhaqna gubaa cimaadhaan dhiphachaa waan turteef, akka ishii gargaaru isa gaafatan.+ 39 Kanaafuu, inni ishiitti gad jedhee dhaqna gubaa sana ifate; dhaqna gubaan sunis ishii gadhiise. Ishiinis yeruma sana kaatee isaan tajaajiluu jalqabde.
40 Yommuu aduun lixxu immoo, namoonni warra dhukkuba adda addaatiin qabaman gara isaatti fidan. Innis harka isaa tokkoon tokkoon isaanii irra kaaʼee isaan fayyise.+ 41 Kana malees jinniiwwan, “Ati Ilma Waaqayyoo ti”+ jedhanii iyyaa namoota hedduu keessaa baʼan. Inni garuu isaan ifate; isaan Kiristoos taʼuu isaa waan beekaniif akka dubbatan isaaniif hin heyyamne.+
42 Yommuu bariʼu garuu achii kaʼee gara iddoo namni hin jirre tokkoo dhaqe.+ Namoonni sun garuu cimsanii isa barbaaduu jalqaban; iddoo inni jiru yommuu dhufanis akka inni isaan irraa adda baʼee hin deemne isa dhowwuuf yaalan. 43 Inni garuu, “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba; sababiin isaas, ani kanaafan ergame”+ isaaniin jedhe. 44 Kanaafuu, manneen sagadaa Yihudaa keessatti lallabuu isaa itti fufe.
5 Yeroo tokko utuu Yesuus haroo Genesaarex*+ bira dhaabbatee jiruu namoonni hedduun dubbii Waaqayyoo dhaggeeffachuuf gara isaatti wal dhiibu turan. 2 Innis bidiruuwwan lama qarqara galaanichaa dhaabbatanii arge; namoonni qurxummii qaban garuu bidiruuwwan sana irraa buʼanii saaphana isaanii miiccaa turan.+ 3 Yesuus bidiruuwwan sana keessaa isa kan Simoon taʼe yaabbatee lafa irraa xinnoo akka achi siqsu isa gaafate. Sana booda bidiricha irra taaʼee namoota hedduu sana barsiisuu jalqabe. 4 Dubbii isaa yommuu xumurus Simooniin, “Bakka bishaanichi gad fagaatutti siqi; qurxummii qabuufis saaphana keessan darbadhaa” jedhe. 5 Simoon garuu deebisee, “Barsiisaa, halkan guutuu dhamaʼaa bullee homaa hin qabanne;+ garuu ati waan jetteef saaphana kana nan darbadha” isaan jedhe. 6 Yommuu saaphana isaanii darbatanis qurxummii hedduu qaban. Kanaan kan kaʼes, saaphanni isaanii tatarsaʼuu jalqabe.+ 7 Kanaafuu, hiriyoonni isaanii warri bidiruu isa kan biraa irra jiran dhufanii akka isaan gargaaran mallattoodhaan isaan waaman; isaanis dhufanii bidiruuwwan lamaan sana qurxummiidhaan guutan; kanaan kan kaʼes, bidiruuwwan sun liqimfamuu jalqaban. 8 Simoon Pheexirosis yommuu kana argu jilba Yesuus irratti gombifamee, “Yaa Gooftaa, ani nama cubbamaa waanan taʼeef, ana irraa fagaadhu” jedhe. 9 Kanas kan jedhe, innii fi warri isaa wajjin turan qurxummii hedduu qabuu isaaniitti baayʼee waan dinqisiifataniif ture; 10 ilmaan Zabdewos Yaaqoobii fi Yohaannis+ warri Simoonii wajjin hojjetanis akkasuma ni dinqisiifatan. Yesuus garuu Simooniin, “Hin sodaatin. Ammaa jalqabee namoota lubbuudhaan jiran kan qabdu taata”+ jedhe. 11 Kanaafuu, bidiruuwwan sana gara qarqaraatti erga baasanii booda, wanta hunda dhiisanii isa duukaa buʼan.+
12 Yeroo kan biraa immoo, Yesuus magaalota sana keessaa isa tokko keessa yommuu turetti, namni guutummaan qaama isaa dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko isa argee lafatti gombifamee, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe na fayyisuu* dandeessa”+ jedhee isa kadhate. 13 Kanaafuu, inni harka isaa diriirsee isa qaqqabee, “Nan fedha! Fayyi!”* isaan jedhe. Yeruma sanas dhukkubni nadaayii sun isa irraa bade.+ 14 Yesuusis eenyutti iyyuu akka hin himne namicha ajaje. Achiis, “Garuu dhaqiitii lubichatti of argisiisi. Isaaniif ragaa akka taʼuttis akkuma Museen ajajetti+ qulqullaaʼuu keetiif kennaa dhiheessi”+ isaan jedhe. 15 Haa taʼu malee, oduun waaʼee isaa ibsu babalʼachuu isaa ittuma fufe; namoonni hedduunis isa dhaggeeffachuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf walitti qabaman.+ 16 Inni garuu kadhachuuf yeroo baayʼee bakka namni hin jirre dhaqa ture.
17 Gaaf tokko utuu inni barsiisaa jiruu, Fariisonnii fi barsiisonni Seeraa gandeen Galiilaa fi Yihudaa hunda keessaa, akkasumas Yerusaalem irraa dhufan achi taaʼanii turan; Yihowaan* akka inni namoota fayyisuuf humna isaa isaaf kennee ture.+ 18 Yeroo kanatti namoonni namicha lamshaaʼe tokko sireedhaan baatanii dhufan; isaan namicha ol galchanii Yesuus duratti dhiheessuuf yaalii godhan.+ 19 Haa taʼu malee, baayʼina namootaatiin kan kaʼe manatti isa galchuu waan dadhabaniif, baaxii manichaa irra yaabbatanii xuubii isaa irraa kaasan; achiis akkuma namichi siricha irra ciisetti warra Yesuus fuuldura jiran gidduutti gad isa buusan. 20 Yesuusis amantii isaanii yommuu argu, “Namicha nana, cubbuun kee siif dhiifameera”+ jedhe. 21 Yeroo kanatti barsiisonni seeraa* fi Fariisonni, “Namichi Waaqa arrabsu kun eenyu? Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuudhaaf dhiifama gochuu dandaʼa?”+ jedhanii yaaduu jalqaban. 22 Yesuus garuu yaada isaanii hubatee akkana jedhee isaaniif deebise: “Wanti garaa keessanitti yaaddan maali dha? 23 ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo, ‘Kaʼiitii deemi’ jechuutu salphata? 24 Haa taʼu malee, Ilmi namaa lafa irratti dhiifama cubbuu gochuuf aangoo qabaachuu isaa akka hubattaniif” erga jedhee booda, namicha lamshaaʼe sanaan, “Ani siin nan jedha, kaʼiitii siree kee baadhuu gara mana kee deemi”+ jedhe. 25 Namichis isaanuma duratti kaʼee dhaabbate; siree isaa baatees Waaqayyoof ulfina kennaa gara mana isaa deeme. 26 Yeroo kanatti namoonni sun hundi baayʼee dinqisiifatanii Waaqayyoof ulfina kennuu jalqaban; baayʼee sodaataniis, “Harʼa wantoota dinqisiisoo taʼan argine!” jedhan.
27 Kana booda achii baʼee utuu deemuu namichi Leewwii jedhamuu fi qaraxa sassaabu tokko bakka qaraxni itti sassaabamu utuu taaʼuu argee, “Duuka buutuu koo taʼi”+ isaan jedhe. 28 Innis wanta hunda dhiisee kaʼee isa duukaa buʼuu jalqabe. 29 Achiis Leewwiin mana isaatti affeerraa guddaa Yesuusiif qopheesse; namoonni qaraxa sassaabanii fi namoonni kan biroon hedduunis isaanii wajjin nyaachaa* turan.+ 30 Yeroo kanatti Fariisonnii fi barsiisonni seeraa,* “Isin warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin kan nyaattanii fi kan dhugdan maaliifi?” jedhanii barattoota isaatti gungumuu jalqaban.+ 31 Yesuusis akkana jedhee isaaniif deebise: “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu.+ 32 Ani namoota qajeeloo waamuuf utuu hin taʼin, cubbamoonni akka yaada geddaratan waamuufan dhufe.”+
33 Isaanis, “Barattoonni Yohaannisii fi barattoonni Fariisotaa yeroo baayʼee ni soomu, wawwaannaas ni dhiheessu; barattoonni kee garuu ni nyaatu, ni dhugus”+ isaan jedhan. 34 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Michoonni misirrichaa utuu misirrichi isaanii wajjin jiruu akka sooman gochuu ni dandeessuu? 35 Garuu guyyaan misirrichi+ isaan irraa itti fudhatamu ni dhufa; isaan guyyaa sanatti ni soomu.”+
36 Dabalataanis akkana jedhee fakkeenya tokko isaanitti hime: “Namni uffata haaraa irraa erbee muree uffata moofaa irratti hodhu hin jiru. Akkana yoo godhe erbeen haaraan sun irraa ni kaʼa; erbeen haaraan sun isa moofaa wajjin wal hin simu.+ 37 Kana malees, eenyu iyyuu daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqu. Akkana yoo godhe garuu, daadhiin wayinii haaraan sun qalqalloo sana ni dhoosa; wayinichi ni dhangalaʼa; qalqalloon sunis faayidaadhaa ala taʼa. 38 Haa taʼu malee, daadhii wayinii haaraan qalqalloo haaraatti naqamuu qaba. 39 Eenyu iyyuu daadhii wayinii bilchaate erga dhugee booda daadhii wayinii haaraa hin barbaadu; sababiin isaas, ‘Inni bilchaate baʼeessa dha’ jedha.”
6 Guyyaa sanbataa tokko Yesuus maasii midhaanii keessa utuu darbaa jiruu, barattoonni isaa asheeta ciratanii+ sukkuumanii nyaatu turan.+ 2 Yeroo kanatti Fariisonni tokko tokko, “Isin wanta guyyaa Sanbataatti+ seeraan dhorkame maaliif gootu?” jedhan. 3 Yesuus garuu deebisee akkana isaaniin jedhe: “Daawit, innii fi namoonni isaa wajjin turan yeroo beelaʼanitti maal akka godhe matumaa hin dubbisnee?+ 4 Inni mana Waaqayyoo keessa hin seennee? Daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu* isa luboota qofa malee, eenyu iyyuu akka nyaatu hin heyyamamne+ fuudhee nyaatee, namoota isaa wajjin turaniifis kennee hin turree?” 5 Achiis, “Ilmi namaa Gooftaa Sanbataa ti”+ isaaniin jedhe.
6 Guyyaa sanbataa+ kan biraattis gara mana sagadaa seenee barsiisuu jalqabe. Namni harki isaa mirgaa lamshaaʼe tokko achi jira ture.+ 7 Barsiisonni seeraa fi Fariisonni karaa itti isa himatan argachuuf, Yesuus guyyaa Sanbataatti kan fayyisu taʼuu fi dhiisuu isaa xiyyeeffannaadhaan hordofu turan. 8 Inni garuu yaada isaanii hubatee,+ namicha harki isaa lamshaaʼe sanaan, “Kaʼiitii gidduu dhaabbadhu” jedhe. Namichis kaʼee achi dhaabbate. 9 Achiis Yesuus, “Mee waan tokkon isin gaafadha, Guyyaa Sanbataatti wanta gaarii gochuu moo wanta hamaa gochuu, lubbuu fayyisuu moo ajjeesuutu heyyamama?”+ isaaniin jedhe. 10 Warra naannoo isaa jiran hunda erga ilaalee booda namichaan, “Harka kee diriirsi” jedhe. Namichis harka isaa diriirse; harki isaas deebiʼee fayye. 11 Isaan garuu baayʼee aaranii maal isa gochuu akka dandaʼan waliin mariʼachuu jalqaban.
12 Yeroo sanatti Yesuus kadhannaa dhiheessuuf gara gaaraatti ol baʼee,+ halkan guutuu gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessaa bule.+ 13 Yommuu bariʼus, barattoota isaa ofitti waamee isaan keessaa namoota 12 filatee ergamoota jedhee moggaase; isaanis kanneen kana dha:+ 14 Simoon isa inni Pheexiros jedhee moggaasee fi obboleessa isaa Indiriyaas, Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos,+ Bartolomewos, 15 Maatewos, Toomaas,+ Yaaqoob ilma Alfewoos, Simoon isa “hinaafticha” jedhamu, 16 Yihudaa ilma Yaaqoobii fi Yihudaa Asqoroticha isa gantuu taʼe.
17 Achiis isaanii wajjin gad buʼee iddoo diriiraa irra dhaabbate; barattoonni isaa hedduunii fi namoonni guutummaa biyya Yihudaa fi Yerusaalem, akkasumas naannoo qarqara galaanaa Xiirosii fi Siidoon irraa isa dhaggeeffachuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf dhufan hedduun achi turan. 18 Warri hafuurota xuraaʼoodhaan dhiphatan illee ni fayyu turan. 19 Humni isa keessaa baʼee+ hunda isaanii fayyisaa waan tureef, namoonni sun hundi isa tuquu barbaadu turan.
20 Yesuus gara barattoota isaa ilaalaa akkana jechuu jalqabe:
“Isin warri hiyyeeyyii taatan gammadoo dha, Mootummaan Waaqayyoo kan keessani.+
21 “Isin warri amma beeloftan gammadoo dha, booda ni quuftu.+
“Isin warri amma boossan gammadoo dha, booda ni kolfitu.+
22 “Sababii Ilma namaatiin yommuu namoonni isin jibban,+ yommuu of gidduudhaa isin baasan,+ yommuu isin arrabsanii fi yommuu hamoota akka taatan godhanii maqaa keessan balleessan gammadaa. 23 Badhaasni isin samii irratti argattan guddaa waan taʼeef, guyyaa sanatti gammadaa, ililchaas; sababiin isaas, abbootiin isaanii iyyuu raajota irratti wantuma akkanaa raawwatu turan.+
24 “Isin warra sooreyyii taataniif garuu wayyoo,+ isin jajjabina keessan ammuma guutummaatti argattaniittu.+
25 “Isin warra amma quuftaniif wayyoo, booda ni beeloftu.
“Isin warra amma kolfitaniif wayyoo, booda ni gadditu, ni boossus.+
26 “Yommuu namoonni hundi waaʼee keessan wanta gaarii dubbatan isiniif wayyoo,+ raajota sobaatiif abbootiin isaanii akkanuma godhanii turan.
27 “Warri amma dhaggeeffachaa jirtan garuu ani isiniin nan jedha, diinota keessan jaallachuu fi warra isin jibbaniif gaarii gochuu keessan itti fufaa;+ 28 warra isin abaaran eebbisuu fi warra isin salphisaniif kadhachuu keessan itti fufaa.+ 29 Nama maddii* kee isa tokko kabaluuf maddii kee isa kan biraas itti qabi; nama uffata kee isa irraan uffattu fudhatuuf, uffata kee isa jalatti uffattu hin dhowwatin.+ 30 Nama si kadhatu hundumaaf kenni;+ nama qabeenya kee si jalaa fudhatus akka siif deebisu hin gaafatin.
31 “Kana malees, wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan, isinis akkanuma isaaniif godhaa.+
32 “Warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan galata maalii argattu? Cubbamoonni illee warra isaan jaallatan ni jaallatu.+ 33 Warra wanta gaarii isinii godhaniif qofa wanta gaarii yoo gootan galata maalii argattu? Cubbamoonni illee akkanuma godhu. 34 Kana malees, warra nuuf deebisu jettanii abdattaniif yoo liqeessitan* galata maalii argattu?+ Cubbamoonni illee, wanta liqeeffatan hunda nuu deebisu jedhanii abdachuudhaan cubbamootaaf ni liqeessu. 35 Kanaa mannaa, diinota keessan jaallachuu, wanta gaarii gochuu fi deebisnee arganna jettanii utuu hin abdatin liqeessuu keessan itti fufaa;+ kana yoo gootan badhaasni keessan guddaa taʼa, ilmaan Isa Hundaa Oliis ni taatu; sababiin isaas, inni warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee gaarii dha.+ 36 Akkuma Abbaan keessan gara laafessa taʼe, gara laafeyyii taʼuu keessan itti fufaa.+
37 “Kana malees, namootatti murteessuu dhiisaa, matumaa isinitti hin murteeffamu;+ namoota yakkuu dhiisaa, matumaa hin yakkamtan. Dhiifama godhaa,* dhiifamni isiniif ni godhama.*+ 38 Kennaa, namoonnis isiniif ni kennu.+ Isaan safartuu gaarii gad dhiibamee, sochoofamee irraa dhangalaʼuun safaranii kaasuu* keessanitti isiniif kennu. Sababiin isaas, safartuu isin itti safartanitti isaanis deebisanii isiniif safaru.”
39 Achiis akkana jedhee fakkeenya tokko isaanitti hime: “Jaamaan jaamaatti karaa argisiisuu dandaʼaa? Lamaan isaanii iyyuu boolla keessa hin buʼanii?+ 40 Barataan barsiisaa isaa hin caalu; namni akka gaariitti barate hundi garuu akkuma barsiisaa isaa ni taʼa. 41 Maarree, jirma ija kee keessa jiru arguu dhiistee, huuba ija obboleessa kee keessa jiru maaliif ilaalta?+ 42 Jirma ija kee keessa jiru utuu hin argin akkamitti obboleessa keetiin, ‘Obboleessa koo, huuba ija kee keessa jiru siifan baasa’ jetta? Fakkeessituu nana! Dura jirma ija kee keessa jiru baafadhu; sana booda huuba ija obboleessa kee keessa jiru baasuuf sirriitti ilaaluu dandeessa.
43 “Mukti gaariin firii tortore godhachuu hin dandaʼu; mukti tortores firii gaarii godhachuu hin dandaʼu.+ 44 Mukti hundi firii isaatiin beekama.+ Fakkeenyaaf, namoonni qoree irraa firii harbuu yookiin sokorruu irraa firii wayinii hin funaanan. 45 Namni gaariin wanta gaarii garaa isaa keessatti kuufate keessaa wanta gaarii gad baasa; namni hamaanis wanta hamaa kuufate keessaa wanta hamaa gad baasa; sababiin isaas, wanta garaa isaa keessa guute afaan isaa dubbata.+
46 “Isin wanta ani jedhu hin raawwattan; maarree maaliif, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jettu?+ 47 Namni gara koo dhufuu fi dubbii koo dhagaʼee hojii irra oolchu hundi eenyuun akka fakkaatu isinitti nan hima:+ 48 Inni, nama gad fageessee qotuudhaan buʼuura isaa qarsaa irra kaaʼee mana ijaare fakkaata. Sana booda lolaan dhufee manicha rukute; taʼus manichi akka gaariitti waan ijaarameef isa sochoosuu hin dandeenye.+ 49 Karaa biraa immoo, namni dhagaʼee hojii irra hin oolchine+ kam iyyuu, nama buʼuura malee lafa irratti mana ijaare fakkaata. Lolaan sun manicha ni rukute, manichis yeruma sana jige; jigiinsi isaas akka malee hamaa ture.”
7 Yesuus wanta namoota sanatti dubbachuu barbaade erga dubbatee booda Qifirnaahomitti seene. 2 Yeroo kanatti ajajaan dhibbaa tokko garbichi isaa inni baayʼee jaallatu akka malee dhukkubsatee duʼuu jala gaʼee ture.+ 3 Yommuu waaʼee Yesuus dhagaʼus, dhufee garbicha isaa akka fayyisu akka isa kadhatan maanguddoota Yihudootaa tokko tokko isatti erge. 4 Isaanis gara Yesuus dhufanii akkana jedhanii cimsanii isa kadhachuu jalqaban: “Kana isaaf gochuun kee kan isaaf malu dha; 5 sababiin isaas, inni saba keenya ni jaallata; mana sagadaa keenyas nuuf ijaareera.” 6 Kanaafuu, Yesuus isaanii wajjin deeme. Yeroo inni manichatti dhihaatu garuu, ajajaan dhibbaa sun dhaqanii akkana jedhanii akka itti himaniif michoota isaa isatti erge: “Yaa Gooftaa, ati baaxii mana koo jala seenuun kee kan anaaf malu waan hin taaneef+ hin dhamaʼin. 7 Gara kee dhufuun koo akka anaaf hin malle kan natti dhagaʼame kanaafi. Garuu jechuma tokko dubbadhu, tajaajilaan koos ni fayya. 8 Anis aangoo nama kan biraa jala kanan jiru taʼus, loltoota anaaf ajajaman qaba; isa tokkoon, ‘Deemi!’ yommuun jedhu ni deema; isa tokkoon immoo, ‘Kottu!’ yommuun jedhu ni dhufa; garbicha kootiinis, ‘Kana godhi!’ yommuun jedhu ni godha.” 9 Yesuus wantoota kana yommuu dhagaʼu baayʼee isa dinqisiifatee, namoota hedduu isa duukaa buʼaa jiranitti garagalee, “Ani isinitti nan hima, Israaʼel keessatti illee nama amantii guddaa akkanaa qabu hin arganne”+ jedhe. 10 Warri ergaman sun yommuu gara manaatti deebiʼan, garbichi sun fayyee argan.+
11 Sana booda inni utuu baayʼee hin turin, gara magaalaa Naayin jedhamtu tokkoo dhaqe; barattoonni isaa fi namoonni hedduunis isaa wajjin deemaa turan. 12 Yommuu karra magaalattiitti dhihaatus, namoonni reeffa tokko baatanii baʼaa turan; namni duʼe kun haadha isaatiif ilma tokkicha ture.+ Kana malees, ishiin dubartii abbaan manaa irraa duʼe turte. Namoonni magaalattii hedduunis ishii wajjin turan. 13 Gooftaanis yommuu ishii argu baayʼee ishiidhaaf gaddee,+ “Hin booʼin” ishiidhaan jedhe.+ 14 Achiis itti siqee siricha* tuqe; namoonni reeffa sana baatanis ni dhaabbatan. Sana booda inni, “Dargaggeessa nana, siinan jedha, kaʼi!”+ jedhe. 15 Inni duʼe sunis ol jedhee taaʼee dubbachuu jalqabe; Yesuusis haadha isaatiif isa kenne.+ 16 Yeroo kanatti hundi isaanii baayʼee sodaatanii, “Raajii guddaan tokko nu gidduutti kaʼeera”+ akkasumas, “Waaqayyo saba isaa yaadateera” jedhanii Waaqayyoof ulfina kennuu jalqaban.+ 17 Oduun waaʼee isaa dubbatamu kunis guutummaa Yihudaa fi guutummaa biyya naannoo sana jirutti babalʼate.
18 Barattoonni Yohaannis wantoota kana hunda isatti himan.+ 19 Kanaafuu, Yohaannis barattoota isaa lama waamee, “Ati Isa Dhufuuf Jiru+ sana moo kan biraa eegnu?” jedhanii akka gaafatan gara Gooftaatti isaan erge. 20 Isaanis gara Yesuus dhufanii, “Yohaannis Cuuphaan, ‘Ati Isa Dhufuuf Jiru sana moo kan biraa eegnu?’ jennee akka si gaafannu gara keetti nu ergeera” jedhan. 21 Yesuus saʼaatii sanatti namoota dhukkubsatanii+ fi dhibee cimaa qaban, akkasumas warra hafuurota hamoodhaan qabaman hedduu fayyise; namoota qaro dhabeeyyii taʼan hedduus qaroo isaanii isaaniif deebise. 22 Warra ergaman sanaanis deebisee akkana jedhe: “Dhaqaatii wanta argitanii fi wanta dhageessan Yohaannisitti himaa: Warri qaro dhabeeyyiin argaa jiru,+ warri naafatan deemaa jiru, warri dhukkuba nadaayiitiin qabaman fayyaa jiru, warri gurri isaanii duude dhagaʼaa jiru,+ warri duʼan duʼaa kaafamaa jiru, hiyyeeyyiidhaafis misiraachoon lallabamaa jira.+ 23 Namni anatti hin gufanne+ gammadaa dha.”
24 Namoonni Yohaannis erge sun erga deemanii booda, Yesuus namoota hedduu achi jiranitti waaʼee Yohaannis akkana jedhee dubbachuu jalqabe: “Gara lafa onaa maal ilaaluuf dhaqxan? Shomboqqoo qilleensi raasuu?+ 25 Maarree maal ilaaluuf dhaqxan? Nama uffata baʼeessa uffatee?+ Namoonni uffata bareedaa uffatanii fi jireenya qananii jiraatanoo mana moototaa keessa jiru. 26 Maarree maal ilaaluuf dhaqxan? Raajii ilaaluufii? Eeyyee, ani isinitti nan hima, inni raajii irra iyyuu kan caalu dha.+ 27 Inni isa waaʼeen isaa ‘Kunoo, ani ergamaa koo si dura* nan erga, inni si dura buʼee karaa siif ni qopheessa’+ jedhamee barreeffame sana dha. 28 Ani isinitti nan hima, namoota dubartii irraa dhalatan keessaa Yohaannis irra kan caalu hin jiru; namni Mootummaa Waaqayyoo keessatti hundumaa irra xinnaa taʼe garuu isa ni caala.”+ 29 (Namoonni sun hundii fi warri qaraxa sassaaban yommuu kana dhagaʼan Waaqayyo qajeelaa taʼuu isaa dubbatan; sababiin isaas, isaan cuuphaa Yohaannisiin cuuphamanii turan.+ 30 Fariisonnii fi warri Seericha beekan garuu gorsa* Waaqayyo biraa isaaniif kenname ni tuffatan;+ sababiin isaas, isaan Yohaannisiin hin cuuphamne.)
31 “Egaa namoota dhaloota kana keessa jiran eenyuu wajjinan wal fakkeessa? Isaan eenyuun fakkaatu?+ 32 Ijoollee bakka gabaa taaʼanii wal waamanii akkana jedhanii wajjin wal fakkaatu: ‘Ulullee isiniif afuufne, isin garuu hin sirbine; wayyoo wayyoo jenne, isin garuu hin boonye.’ 33 Haaluma wal fakkaatuun, Yohaannis Cuuphaan utuu midhaan hin nyaatinii fi utuu daadhii wayinii hin dhugin dhufe;+ isin garuu, ‘Jinniitu isa keessa jira’ jettan. 34 Ilmi namaa immoo nyaachaa fi dhugaa dhufe; isin garuu, ‘Kunoo, nama albaadhessaa fi nama wayiniidhaaf bule, michuu warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa!’+ jettan. 35 Kanas taʼe sana, ogummaan qajeelaa taʼuun ishii ijoollee* ishii hundumaan mirkanaaʼeera.”+
36 Fariisichi tokko isaa wajjin akka nyaatu isa kadhate. Kanaafuu, inni gara mana Fariisichaa seenee maaddiitti dhihaate. 37 Yeroo kanatti dubartiin magaalattii keessatti cubbamtuu taʼuudhaan beekamtu takka inni mana Fariisichaa keessatti nyaachaa* akka jiru dhageessee, zayitii urgaaʼu qaruuraa albaasxiroosiitti fiddee dhufte.+ 38 Achiis duuba isaatiin miila isaa biratti jilbeenfattee booʼaa imimmaan ishiitiin miila isaa jiistee rifeensa mataa ishiitiin haxoofti turte. Kana malees miila isaa dhungachaa zayitii urgaaʼu sana dibdi turte. 39 Fariisichi isa affeere sun yommuu kana argu garaa isaatti, “Namni kun dhuguma utuu raajii taʼee, silaa dubartiin isa tuqaa jirtu tun eenyuu fi nama akkamii akka taate, jechuunis cubbamtuu+ taʼuu ishii ni beeka ture” jedhee yaade. 40 Yesuus garuu deebisee, “Simoon, wantan sitti himu tokkon qaba” isaan jedhe. Innis, “Barsiisaa, natti himi!” jedhe.
41 “Namoonni lama nama liqii kennu tokko irraa liqeeffatan; inni tokko dinaaree* 500 liqeeffate, inni tokko immoo dinaaree 50 liqeeffate. 42 Haa taʼu malee, wanta ittiin liqii isaanii kaffalan yommuu dhaban, namichi lamaan isaaniitiif iyyuu akkasumaan isaaniif dhiise. Kanaafuu, isaan keessaa isa kamtu caalaatti namicha sana jaallata?” 43 Simoonis deebisee, “Isa inni baayʼee dhiiseef sana natti fakkaata” jedhe. Yesuusis, “Murtii sirrii kennite” isaan jedhe. 44 Achiis gara dubartii sanaatti garagalee, Simooniin akkana jedhe: “Dubartii tana argitaa? Ani mana kee seeneera; ati garuu bishaan miilaa naaf hin kennine. Ishiin garuu imimmaan ishiitiin miila koo jiistee rifeensa ishiitiin haxoofte. 45 Ati na hin dhunganne; ishiin garuu saʼaatii ani itti ol seenee jalqabdee miila koo dhungachuu hin dhiisne. 46 Ati mataa koo zayitii hin dibne, ishiin garuu miila koo zayitii urgaaʼu dibdeetti. 47 Kanaan kan kaʼes, ani siin nan jedha, dubartiin tun jaalala guddaa waan argisiisteef, cubbuun ishii hedduu* taʼus ishiidhaaf dhiifameera.+ Namni dhiifamni xinnoon godhamuuf garuu, jaalalli inni argisiisu xinnoo dha.” 48 Achiis, “Cubbuun kee siif dhiifameera”+ ishiidhaan jedhe. 49 Warri isaa wajjin maaddiitti dhihaatanis, “Namni cubbuudhaaf dhiifama godhu kun eenyu?” jedhanii walitti dudubbachuu jalqaban.+ 50 Inni garuu dubartii sanaan, “Amantiin kee si fayyiseera;+ nagaadhaan dhaqi” jedhe.
8 Sana booda utuu hin turin, Yesuus misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabaa fi labsaa magaalaa tokko irraa gara magaalaa kan biraa, ganda tokko irraas gara ganda kan biraa deeme.+ Warri Kudha Lamaanis isaa wajjin turan; 2 dubartoonni hafuurota hamoo fi dhukkuba adda addaa irraa fayyan tokko tokkos isaa wajjin turan. Isaanis, Maariyaam ishii Magdalaa jinniiwwan torba keessaa baʼan, 3 Yoʼaanaa+ haadha manaa Kuuzaa isa itti gaafatamaa mana Heroodis taʼe sanaa, Susaanaa, akkasumas dubartoota kan biroo hedduu warra qabeenya isaaniitiin isaan tajaajilan turan.+
4 Namoonni hedduun, namoota magaalaa adda addaa irraa gara isaa dhufanii wajjin yommuu walitti qabaman, Yesuus akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbate:+ 5 “Namni sanyii facaasu tokko sanyii facaasuu dhaqe. Utuma inni facaasaa jiruus sanyiiwwan tokko tokko karaa qarqara buʼanii dhidhiitaman; simbirroonni samiis isaan funaannatan.+ 6 Tokko tokko immoo dhagaa irra buʼan; jiidhina waan hin qabneefis erga biqilanii booda ni gogan.+ 7 Warri kaan immoo qoree gidduu buʼan; qoreen isaanii wajjin guddate sunis isaan hudhe.+ 8 Kaan garuu biyyoo gaarii irra buʼan; erga biqilanii boodas firii dachaa 100 godhatan.”+ Wantoota kana erga dubbatee booda sagalee isaa ol kaasee, “Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu”+ jedhe.
9 Haa taʼu malee, barattoonni isaa hiika fakkeenya kanaa isa gaafatan.+ 10 Innis akkana jedhe: “Iccitii qulqulluu Mootummaa Waaqayyoo hubachuun isiniif kennameera; warra kaanitti garuu fakkeenyaan+ itti himama; kunis, isaan kan ilaalan taʼus akka hin argineef, kan dhagaʼan taʼus ergaa isaa akka hin hubanneefi.+ 11 Hiikni fakkeenyichaa kana dha: Sanyichi dubbii Waaqayyoo ti.+ 12 Warri karaa qarqara buʼan, warra dubbicha dhagaʼani dha; sana booda Diyaabilos dhufee isaan amananii akka hin fayyineef dubbicha garaa isaanii keessaa fudhata.+ 13 Warri dhagaa irra buʼan warra yommuu dubbicha dhagaʼan gammachuudhaan fudhatani dha; haa taʼu malee, hidda hin qaban. Yeroo muraasaaf kan amanan taʼus, yeroo qorumsaatti garuu ni kufu.+ 14 Warri qoree gidduu buʼan warra dubbicha dhagaʼani dha; haa taʼu malee dhiphinaan, soorumaa+ fi jireenya qananiitiin+ waan fudhatamaniif, guutummaatti ni hudhamu; matumaas firii gaarii hin godhatan.+ 15 Warri biyyoo gaarii irra buʼan immoo warra garaa qajeelaa fi gaarii taʼeen+ dubbicha erga dhagaʼanii booda garaa isaaniitti qabatanii jabaatanii dhaabbachuudhaan firii godhatani dha.+
16 “Namni ibsaa qabsiisee waa itti haguugu yookiin siree jala kaaʼu hin jiru; kanaa mannaa, warri ol seenan ificha akka arganiif baattuu ibsaa irra kaaʼa.+ 17 Kanaafuu, wanti dhokatee utuu hin mulʼatin, wanti of eeggannoodhaan dhokfamee matumaa utuu hin beekamin hafuu fi ifatti hin baane hin jiru.+ 18 Egaa akkaataa itti dhaggeeffattaniif xiyyeeffannaa kennaa; sababiin isaas, isa qabu kamiif iyyuu dabalataan ni kennama;+ isa hin qabne irraa garuu wanti inni akka qabu godhee yaadu iyyuu ni fudhatama.”+
19 Yeroo kanatti haati isaa fi obboloonni isaa+ gara isaa dhufan; haa taʼu malee, namoota hedduu sanaan kan kaʼe isatti dhihaachuu hin dandeenye.+ 20 Kanaafuu, “Haati tee fi obboloonni kee si argachuu barbaadanii ala dhaabbatanii jiru” jedhamee itti himame. 21 Innis deebisee, “Haati tiyyaa fi obboloonni koo warra dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchan kana dha”+ isaaniin jedhe.
22 Gaaf tokko innii fi barattoonni isaa bidiruu erga yaabbatanii booda, “Kottaa, haroo kana gamatti haa ceenu” isaaniin jedhe. Kanaafuu, deemuu jalqaban.+ 23 Haa taʼu malee, utuma deemaa jiranii hirribni isa fudhate. Yeroo kanatti obomboleettii hamaan tokko haroo sana irratti ni kaʼe; bidiruun isaanii bishaaniin guutamuu waan jalqabeef, liqimfamuu jala gaʼe.+ 24 Kanaafuu, isaan dhaqanii isa dammaqsanii, “Barsiisaa, Barsiisaa, dhumuuf jenna!” jedhan. Yesuusis kaʼee bubbee fi bishaan raafamu sana ifate, bubbeen sunis ni dhaabbate; tasgabbiinis ni taʼe.+ 25 Achiis, “Amantiin keessan eessa jira?” isaaniin jedhe. Isaan garuu sodaa guddaa fi dinqisiifannaadhaan, “Kun dhuguma eenyu? Bubbee fi bishaan illee ni ajaja; isaanis isaaf ni ajajamu”+ waliin jedhan.
26 Achiis qarqara galaanaa naannoo Gergesenoon+ keessatti, Galiilaa gamatti argamu gaʼan. 27 Akkuma Yesuus bidiruu irraa buʼeen, namni jinniidhaan qabamee fi magaalaa naannoo sanaa tokko keessa jiraatu isatti dhufe. Namni kun yeroo dheeraadhaaf uffata hin uffatu ture; akkasumas mana keessa utuu hin taʼin awwaala* gidduu jiraata ture.+ 28 Yeroo Yesuusiin argus, iyyee isa duratti kufee sagalee guddaadhaan, “Yaa Yesuus, Ilma Waaqa Isa Hundaa Olii, anii fi ati maal wal irraa qabna? Akka na hin dhiphisne sin kadhadha”+ jedhe. 29 (Akkana kan jedhe, namicha keessaa akka baʼuuf Yesuus hafuura xuraaʼaa sana waan ajajeef ture. Hafuurri xuraaʼaan sun yeroo baayʼee isa qaba;*+ namichi yeroo baayʼee funcaa fi hidhaa sibiilaatiin hidhamee kan eegamu taʼus, hidhaa sana ni caccabsa ture; jinniin sunis gara bakka namni hin jirretti isa geessa ture.) 30 Yesuus, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis, “Leegewoon” jedhe; sababiin isaas, jinniiwwan hedduun isatti galanii turan. 31 Isaanis gara qilee akka dhaqan akka isaan hin ajajne irra deddeebiʼanii isa kadhatan.+ 32 Yeroo kanatti hoomaan booyyee+ tokko gaara irra dheedu turan; hafuuronni hamoon sunis, gara booyyota sanaatti akka seenan akka isaaniif heyyamu isa kadhatan; innis isaaniif heyyame.+ 33 Jinniiwwan sunis namicha keessaa baʼanii booyyota sanatti seenan; booyyonni sunis qarqara hallayyaa irraa didichanii haroo sana keessa lixanii liqimfaman. 34 Tiksitoonni isaanii garuu wanta taʼe kana yommuu argan, baqatanii deemanii magaalaa fi baadiyyaatti waaʼee kanaa odeessan.
35 Namoonnis wanta taʼe kana ilaaluu dhufan. Gara Yesuus yommuu dhufanis, namichi jinniiwwan isa keessaa baʼan sun uffata uffatee, sammuun isaa fayyee miila Yesuus jala taaʼee waan arganiif baayʼee sodaatan. 36 Namoonni kana arganis, namichi jinniidhaan qabame sun akkamitti akka fayye isaanitti himan. 37 Achiis namoonni naannoo Gergesenoonii dhufan hedduun baayʼee waan sodaataniif, Yesuus isaan biraa akka deemu isa kadhatan. Innis achii deemuuf bidiruu yaabbate. 38 Haa taʼu malee, namichi jinniiwwan keessaa baʼan sun isaa wajjin deemuuf cimsee isa kadhate; Yesuus garuu akkana jedhee of biraa isa geggeesse:+ 39 “Gara qeʼee keetti deebiʼiitii wanta Waaqayyo siif godhe dubbadhu.” Kanaafuu, namichi achii deemee wanta Yesuus isaaf godhe guutummaa magaalattiitti lallabe.
40 Namoonni sun hundi isa eegaa waan turaniif, Yesuus yommuu deebiʼu gaarummaadhaan isa simatan.+ 41 Yeroo kanatti namni Yaayiros jedhamu tokko ni dhufe; namni kun geggeessaa mana sagadaa ture. Inni miila Yesuus irratti kufee gara mana isaa akka dhufu isa kadhachuu jalqabe;+ 42 sababiin isaas, intalli isaa takkittiin umuriin ishii waggaa 12 taʼe duʼuu jala geessee turte.
Yesuus utuu deemaa jiruu namoonni hedduun isa dhiibu turan. 43 Yeroo kanatti dubartiin waggaa 12f dhiigni ishii dhangalaʼaa+ ture tokko jirti turte; taʼus eenyu iyyuu ishii fayyisuu hin dandeenye.+ 44 Ishiinis duuba isaatiin dhuftee fiixee uffata isaa+ tuqxe; dhiigni ishii dhangalaʼaa tures yeruma sana dhaabbate. 45 Kanaafuu Yesuus, “Eenyutu na tuqe?” jedhe. Hundi isaanii, “Ana miti” jedhanii yommuu haalanitti Pheexiros, “Barsiisaa, namoonni hedduun sitti marsanii si dhiibaa jiru mitii?”+ jedhe. 46 Yesuus garuu, “Humni+ akka na keessaa baʼe waan natti beekameef, namni tokko na tuqeera” jedhe. 47 Dubartiin sunis utuu ishii irratti hin beekamin deemuu akka hin dandeenye yommuu hubattu hollachaa dhuftee isa duratti kuftee maaliif akka isa tuqxee fi akkamitti yeruma sana akka fayyite namoota sana hunda duratti dubbatte. 48 Inni garuu, “Intala too, amantiin kee si fayyiseera. Nagaadhaan dhaqi”+ ishiidhaan jedhe.
49 Utuu inni dubbachaa jiruus, namni mana geggeessaa mana sagadaa sanaatii ergame tokko dhufee, “Intalli tee duuteetti. Kana booda Barsiisaa hin dhamaasin”+ jedhe. 50 Yesuus yeroo kana dhagaʼu, “Amani qofa malee hin sodaatin, ishiin ni fayyiti”+ isaan jedhe. 51 Yeroo manicha bira gaʼus, Pheexiros, Yohaannisii fi Yaaqoob, akkasumas abbaa fi haadha intalattii malee eenyu iyyuu akka isaa wajjin ol seenu hin heyyamne. 52 Yeroo kanatti, namoonni sun hundi ishiidhaaf booʼaa gaddaan qoma isaanii rurrukutu turan. Kanaafuu inni, “Hin booʼinaa,+ intalattiin rafaa jirti+ malee hin duune” jedhe. 53 Yeroo kanatti isaan intalattiin duʼuu ishii waan beekaniif, qoosaadhaan isatti kolfuu jalqaban. 54 Inni garuu harka ishii qabee, “Intaloo, kaʼi!”+ ishiidhaan jedhe. 55 Achiis hafuurri* ishii+ itti deebiʼe, yeruma sanas ol kaate;+ Yesuusis wanta nyaattu akka ishiidhaaf kennan ajaje. 56 Yeroo kanatti warri ishii baayʼee gammadanii waan godhan wallaalan; inni garuu wanta taʼe kana eenyutti iyyuu akka hin dubbanne isaan ajaje.+
9 Sana booda inni warra Kudha Lamaan walitti waamee, jinniiwwan hunda akka baasanii+ fi dhibeewwan akka fayyisan humnaa fi aangoo isaaniif kenne.+ 2 Akkasumas Mootummaa Waaqayyoo akka lallabanii fi namoota dhukkubsatan akka fayyisan isaan erge; 3 akkana isaaniin jedhe: “Karaadhaaf homaa hin qabatinaa; ulee yookiin korojoo nyaataa yookiin daabboo yookiin maallaqa* yookiin uffata lama* hin qabatinaa.+ 4 Garuu mana kamitti iyyuu yommuu seentan, hamma bakka sanaa deemtanitti achuma turaa.+ 5 Magaalaa namoonni isin simachuu didan kam iyyuu keessaa yommuu baatan, ragaa akka isaanitti taʼuuf awwaara miila keessanii hurgufadhaa.”+ 6 Isaanis baʼanii bakka hundumaatti misiraachicha lallabaa fi namoota dhukkubsatan fayyisaa naannoo sana keessa ganda tokkoo gara ganda kan biraa deeman.+
7 Heroodis* bulchaan koonyaa* waaʼee wantoota raawwatamaa jiran hundumaa ni dhagaʼe; namoonni tokko tokko Yohaannis duʼaa akka kaʼe dubbachaa waan turaniif akka malee burjaajaʼe;+ 8 warri kaan garuu, Eeliyaas akka mulʼate dubbatu; kaan immoo, raajota durii keessaa inni tokko akka kaʼe dubbatu turan.+ 9 Heroodisis, “Ani Yohaannisiin morma isaa isa irraa kuchisiiseera.+ Maarree namni ani waaʼee isaa wantoota akkanaa dhagaʼu kun eenyu?” jedhe. Kanaan kan kaʼes, inni isa arguu barbaada ture.+
10 Ergamoonni yommuu deebiʼan, wanta raawwatan hunda Yesuusitti himan.+ Yeroo kanatti inni isaan fudhatee kophaa isaanii akka taʼaniif gara magaalaa Beetasaayidaa+ jedhamtu tokkoo dhaqe. 11 Namoonni hedduun sun garuu kana beekanii isa duukaa buʼan. Innis gaarummaadhaan isaan simatee waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isaanitti himuu jalqabe; warra fayyuun isaan barbaachisus ni fayyise.+ 12 Guyyichis dhihuu jala gaʼee ture. Warri Kudha Lamaan sunis gara isaa dhufanii, “Iddoon jirru kun bakka namni hin jirre dha; kanaafuu, namoonni kun gara gandootaa fi baadiyyaa naannoo kana jiran dhaqanii bakka bulanii fi nyaata akka barbaaddatan isaan geggeessi”+ isaan jedhan. 13 Inni garuu, “Isinumti wanta nyaatan kennaafii”+ isaaniin jedhe. Isaanis, “Tarii nyaata namoota kana hundaaf gaʼu dhaqnee yoo binne malee, daabboo shanii fi qurxummii lamaan alatti homaa hin qabnu” isaan jedhan. 14 Namoonni kunis gara dhiirota 5,000 turan. Inni garuu barattoota isaatiin, “Shantama shantama taʼanii tuutaan akka taaʼan godhaa” jedhe. 15 Isaanis akkuma inni jedhe namoota sana hunda teessisan. 16 Yesuusis daabboo shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee gara samii ilaalee eebbise. Erga caccabsee boodas namoota sanaaf akka dhiheessaniif barattoota isaatti kenne. 17 Hundi isaanii nyaatanii quufan; hambaa irraa hafes guuboo 12 walitti qaban.+
18 Boodas Yesuus utuu kophaa isaa kadhachaa jiruu barattoonni isaa gara isaa dhufan; innis, “Namoonni eenyu naan jedhu?” jedhee isaan gaafate.+ 19 Isaanis deebisanii, “Yohaannis Cuuphaa, kaan garuu Eeliyaas jedhu; warri kaan immoo raajota durii keessaa tokko akka kaʼe dubbatu”+ isaan jedhan. 20 Innis, “Isin hoo, eenyu naan jettu?” isaaniin jedhe. Pheexirosis, “Ati Kiristoos isa Waaqayyo erge dha”+ jedhee deebise. 21 Achiis waaʼee kanaa eenyutti iyyuu akka hin himne cimsee isaan ajaje;+ 22 itti dabalees, “Ilmi namaa rakkinni hedduun isa irra gaʼa; maanguddoonni, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa isa tuffatu; akkasumas ni ajjeefama;+ guyyaa sadaffaatti immoo duʼaa ni kaafama”+ jedhe.
23 Achiis hunda isaaniitiin akkana jedhe: “Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu;+ guyyaa guyyaadhaan muka dhiphinaa* isaa baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu.+ 24 Sababiin isaas, namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu ni dhaba; namni anaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu garuu lubbuu isaa ni oolfata.+ 25 Namni tokko guutummaa addunyaa kan isaa godhatee, lubbuu isaa yoo dhabe yookiin yoo of miidhe maal isa fayyada?+ 26 Nama anaa fi dubbii kootti qaanaʼu hundatti, Ilmi namaa ulfina isaa, ulfina Abbaa fi ulfina maleekota qulqulluutiin yommuu dhufu isatti ni qaanaʼa.+ 27 Ani garuu dhuguman isiniin jedha, warra as dhaabbatan keessaa jalqaba hanga Mootummaa Waaqayyoo arganitti matumaa kan hin duune tokko tokko jiru.”+
28 Yesuus kana dubbatee gara guyyaa saddeetii booda, Pheexiros, Yohaannisii fi Yaaqoobiin fudhatee kadhachuudhaaf gaara tokkotti ol baʼe.+ 29 Utuu kadhachaa jiruus fuulli isaa ni jijjiirame; uffanni isaas addaatee calaqqise. 30 Kunoo, namoonni lama isaa wajjin dubbatu turan; isaanis Musee fi Eeliyaas turan. 31 Isaan ulfinaan mulʼatanii waaʼee addunyaa kana dhiisee deemuu isaa, isa Yerusaalemitti raawwatamuuf jiru sanaa dubbachuu jalqaban.+ 32 Yeroo kanatti Pheexirosii fi warri isaa wajjin jiran muganii turan; yommuu guutummaatti dammaqan garuu ulfina isaa+ fi namoonni lamaan sun isaa wajjin dhaabbatanii argan. 33 Yeroo namoonni sun isa biraa deemanis, Pheexiros Yesuusiin, “Barsiisa, iddoo kana taʼuun keenya nuuf gaarii dha. Kanaafuu, dunkaana sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokko immoo Eeliyaasiif haa dhaabnu” jedhe. Inni wanta dubbatu hin beeku ture. 34 Haa taʼu malee, utuma inni wantoota kana dubbachaa jiruu, duumessi tokko dhufee isaan haguuguu jalqabe. Yommuu duumessichi isaan haguugus baayʼee sodaatan. 35 Achiis duumessicha keessaa sagaleen,+ “Kun Ilma koo isa ani filadhe dha.+ Isa dhagaʼaa”+ jedhu tokko ni dhufe. 36 Yommuu sagalichi dhagaʼamettis Yesuus kophaa isaa taʼee argan. Taʼus, isaan ni callisan malee wantoota argan sana ilaalchisee yeroo sanatti eenyutti iyyuu homaa hin dubbanne.+
37 Guyyaa itti aanutti yommuu gaaricha irraa buʼan namoonni hedduun gara Yesuus ni dhufan.+ 38 Yeroo kanatti namoota hedduu sana gidduudhaa namichi tokko sagalee isaa ol kaasee akkana jedhe: “Barsiisaa, ilma koo akka naaf ilaaltu sin kadhadha; inni ilma koo isa tokkicha dha.+ 39 Ilaa, hafuurri tokko yommuu isa qabatu inni akkuma tasaa iyya; hafuurichis isa kuffisee erga dhidhiittachiisee booda afaan isaatiin hoomacha baasa; erga isa miidhee booda illee salphaatti isa hin gadhiisu. 40 Barattoonni kee akka isa baasan kadhadheen ture; isaan garuu hin dandeenye.” 41 Yesuusis deebisee, “Dhaloota amantii hin qabnee fi micciiramaa+ nana, hanga yoomiittan isinii wajjin tura? Hanga yoomiittanis isiniif obsa? Ilma kee as fidi”+ jedhe. 42 Taʼus mucichi utuma gara isaa dhufaa jiruu, jinniin sun lafatti isa kuffisee akka malee isa dhidhiittachiise. Yesuus garuu hafuura xuraaʼaa sana ifatee mucicha erga fayyisee booda abbaa isaatiif deebisee isa kenne. 43 Yeroo kanatti hundi isaanii humna Waaqayyoo isa guddaa ni dinqisiifatan.
Hundi isaanii wantoota inni hojjete hunda utuma dinqisiifachaa jiranii, Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe: 44 “Wanta ani isinitti himu kana xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa, akkasumas yaadadhaa; sababiin isaas, Ilmi namaa harka namootaatti dabarfamee ni kennama.”+ 45 Isaan garuu wanta inni dubbachaa ture hin hubanne. Akka isaan hubachuu hin dandeenyeef dubbiin kun isaan jalaa dhokfamee ture; waaʼee kanaa isa gaafachuus ni sodaatan.
46 Achiis, isaan keessaa inni hundumaa irra caalu eenyu akka taʼe ilaalchisee gidduu isaaniitti falmiin ni kaʼe.+ 47 Yesuusis wanta isaan garaa isaanitti yaadan beekee mucaa xinnoo tokko fidee of bira dhaabee, 48 “Namni mucaa xinnoo kana maqaa kootiin simatu kam iyyuu anaanis ni simata; namni anaan simatu kam iyyuu immoo isa na erge sana simata.+ Sababiin isaas, namni guddaa jedhamu isa hunda keessan irra akka xinnaatutti of ilaalu dha”+ isaaniin jedhe.
49 Yohaannisis deebisee, “Barsiisaa, namni tokko maqaa keetiin utuu jinniiwwan baasuu isa argine; inni nama nuu wajjin si duukaa buʼu waan hin taaneef isa dhowwuuf yaalle”+ jedhe. 50 Yesuus garuu, “Namni isin hin mormine kam iyyuu isin cinaa waan jiruuf, isa dhowwuuf hin yaalinaa” isaan jedhe.
51 Yesuus, yeroon inni gara samiitti itti fudhatamu+ yommuu dhihaatu,* gara Yerusaalem dhaquuf kutatee kaʼe. 52 Kanaafuu, inni namoota of dura erge. Isaanis deemanii wanta isaaf barbaachisu qopheessuuf ganda warra Samaariyaa tokko seenan. 53 Haa taʼu malee, inni gara Yerusaalem dhaquuf kutatee* waan tureef, isaan isa hin simanne.+ 54 Barattoonni isaa Yaaqoobii fi Yohaannis+ yommuu kana argan, “Yaa Gooftaa, ibiddi samii irraa buʼee akka isaan balleessu+ akka ajajnu ni barbaaddaa?” jedhan. 55 Inni garuu garagalee isaan ifate. 56 Kanaafuu, gara ganda kan biraa dhaqan.
57 Utuu isaan karaa irra deemaa jiraniis namni tokko, “Bakka ati dhaqxu hundumaatti si duukaa nan buʼa” isaan jedhe. 58 Yesuus garuu, “Jeedaloonni boolla qabu; simbirroonni samiis manʼee qabu; Ilmi namaa garuu bakka mataa isaa itti hirkifatu illee hin qabu”+ isaan jedhe. 59 Achiis nama kan biraadhaan, “Duuka buutuu koo taʼi” jedhe. Innis, “Yaa Gooftaa, jalqaba dhaqee abbaa koo akkan awwaalladhu anaaf heyyami”+ jedhe. 60 Inni garuu, “Warri duʼan,+ duʼaa isaanii haa awwaallatan; ati garuu dhaqiitii bakka hundumaatti Mootummaa Waaqayyoo labsi”+ isaan jedhe. 61 Namni kan biraanis, “Yaa Gooftaa, ani si duukaa nan buʼa; jalqaba garuu maatii kootti nagaa akkan dhaammadhu naaf heyyami” jedhe. 62 Yesuusis, “Namni hordaa harkaan qabatee wantoota duuba isaa jiran ilaalu,+ Mootummaa Waaqayyootiif hin taʼu”+ isaan jedhe.
10 Kana booda Gooftaan namoota 70 kan biroo filatee lama lama godhee+ gara magaalaa fi iddoo deemuuf jedhu hundatti of dura isaan erge. 2 Achiis akkana isaaniin jedhe: “Eeyyee, hojiin makarichaa guddaa dha, hojjettoonni garuu muraasa. Kanaafuu, Gooftaan makarichaa, hojjettoota gara makara isaatti akka ergu kadhadhaa.+ 3 Dhaqaa! Kunoo, ani akka hoolota yeeyyii gidduu jiraniitti isin nan erga.+ 4 Boorsaa maallaqaa yookiin korojoo nyaataa yookiin kophee hin qabatinaa;+ karaa irrattis eenyuun iyyuu* nagaa hin gaafatinaa. 5 Yommuu mana tokko seentan hundatti jalqaba, ‘Nagaan mana kanaaf haa taʼu!’+ jedhaa. 6 Namni nagaa jaallatu achi yoo jiraate, nagaan keessan isa irra buufata. Hin jiru taanaan garuu, nagaan keessan isiniif deebiʼa. 7 Namni hojjetu mindaa isaa argachuu waan qabuuf,+ wanta isaan isiniif dhiheessan nyaachaa+ fi dhugaa manuma sana keessa turaa.+ Mana isa tokkoo gara isa kan biraatti hin jijjiirratinaa.
8 “Kana malees, magaalaa itti seentan kamitti iyyuu yeroo isin simatan, wanta isiniif dhihaate nyaadhaa; 9 dhukkubsattoota achi jiran fayyisaa; akkasumas, ‘Mootummaan Waaqayyoo isinitti dhihaateera’+ jedhaa isaanitti himaa. 10 Magaalaa itti seentan kamitti iyyuu yeroo isin simachuu didan garuu, gara daandiiwwan guguddaatti baʼaatii akkana jedhaa: 11 ‘Awwaara magaalaa keessanii isa miila keenyatti qabate illee of irraa hurgufanna.+ Garuu Mootummaan Waaqayyoo akka dhihaate beekaa.’ 12 Ani isinitti nan hima, guyyaa sanatti adaba magaalaa sana irra gaʼu mannaa isa Sodoom irra gaʼutu salphata.+
13 “Yaa Koraazin, siif wayyoo! Yaa Beetasaayidaa, siif wayyoo! Dinqiiwwan guguddaan isin keessatti raawwataman utuu Xiirosii fi Siidoon keessatti raawwatamaniiru taʼee, isaan silaa yeroo dheeraa dura uffata gaddaa uffatanii fi daaraa keessa taaʼanii yaada geddaratu turan.+ 14 Egaa, guyyaa murtiitti adaba isin irra gaʼu mannaa isa Xiirosii fi Siidoon irra gaʼutu salphata. 15 Atis yaa Qifirnaahom, gara samiitti kan ol kaatu sitti fakkaataa? Gara Awwaalaatti* gad buuta!
16 “Namni isin dhaggeeffatu kam iyyuu anaan dhaggeeffata.+ Namni isin tuffatu kam iyyuu anas ni tuffata. Kana malees, namni ana tuffatu kam iyyuu isa ana erge sanas ni tuffata.”+
17 Achiis namoonni 70n sun gammachuudhaan deebiʼanii, “Yaa Gooftaa, jinniiwwan illee maqaa keetiin nuuf ajajamaniiru”+ jedhan. 18 Yeroo kanatti Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Seexanni akka bakakkaatti yommuu samii irraa kufu+ ani argeera. 19 Kunoo, ani bofaa fi torbaanqabaa* irra akka ejjettan, akkasumas humna diinaa hundumaa akka mootan aangoo isiniif kenneera;+ wanti isin miidhu tokko iyyuu hin jiru. 20 Taʼus, maqaan keessan samii irratti waan barreeffameef+ gammadaa malee, hafuuronni hamoon waan isiniif ajajamaniif hin gammadinaa.” 21 Yesuus saʼaatii sanatti hafuura qulqulluudhaan gammadee akkana jedhe: “Gooftaa samii fi lafaa kan taate yaa Abbaa, wantoota kana ogeeyyii fi beektota jalaa dhoksitee+ daaʼimmanitti waan mulʼifteef uummata duratti sin jajadha. Eeyyee, Yaa Abbaa, kun fedhii kee ti.+ 22 Abbaan koo wanta hunda anaaf kenneera; Abbaa malee Ilmi eenyu akka taʼe kan beeku tokko illee hin jiru; akkasumas Ilmaa+ fi nama Ilmi isatti mulʼisuu barbaadu qofa malee Abbaan eenyu akka taʼe kan beeku tokko illee hin jiru.”+
23 Sana booda gara barattoota isaatti garagalee, akkana jedhee kophaatti isaanitti dubbate: “Ijji wantoota isin argaa jirtan kana argu gammadaa dha.+ 24 Ani isiniin nan jedha, raajonnii fi mootonni hedduun wantoota isin argaa jirtan kana arguuf kan hawwan taʼus hin argine;+ wantoota isin dhagaʼaa jirtan kana dhagaʼuuf kan hawwan taʼus hin dhageenye.”
25 Yeroo kanatti namni Seericha beeku tokko isa qoruuf kaʼee dhaabbatee, “Barsiisa, jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuutu na barbaachisa?”+ jedhe. 26 Yesuusis, “Seericha keessatti kan barreeffame maali dha? Ati hoo akkamitti hubatta?” isaan jedhe. 27 Namichis deebisee, “‘Waaqa kee Yihowaa* garaa kee guutuudhaan, lubbuu* kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaanis jaalladhu,’+ akkasumas ‘nama* akka ofii keetti jaalladhu’”+ jedhe. 28 Yesuusis, “Deebii sirrii kenniteetta; kana gochuu kee itti fufi, jireenyas ni argatta”+ isaan jedhe.
29 Namichi garuu qajeelaa taʼuu isaa argisiisuu barbaadee,+ “Nama isa kam?” jedhee Yesuusiin gaafate. 30 Yesuusis deebisee akkana jedhe: “Namni tokko Yerusaalemii gara Yerikootti utuu gad buʼaa jiruu, saamtota harka buʼe; isaanis uffata isaa irraa baasanii isa reebanii duʼaa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii deeman. 31 Akkuma tasaa lubni tokko karaa sana irra gad buʼaa utuu jiruu namicha argee isa irraa goree darbe. 32 Haaluma wal fakkaatuun, namni gosa Leewwii taʼe tokko yommuu achi gaʼu, namicha argee irraa goree darbe. 33 Haa taʼu malee, namni biyya Samaariyaa+ tokko karaa sana irra utuu deemaa jiruu bakka namichi jiru gaʼee yommuu isa argu baayʼee isaaf gadde. 34 Kanaafuu, isatti dhihaatee zayitii fi daadhii wayinii madaa isaatti naqee isaaf hidhe. Achiis harree isaa irra kaaʼee mana keessummoonni keessa buufatanitti geessee isa walʼaane. 35 Guyyaa itti aanutti dinaaree* lama baasee abbaa mana keessummaa sanaatiif kennee, ‘Namicha kana walʼaani, kana caalaa wanta baastu hunda yommuun deebiʼu siif nan kaffala’ isaan jedhe. 36 Egaa, namoota sadan kana keessaa, namicha saamtota harka buʼe kana akka ofii isaatti akka jaallatu+ kan argisiise isa kam sitti fakkaata?” 37 Namichis, “Isa namichatti gara laafina argisiise sana dha”+ jedhe. Achiis Yesuus, “Atis dhaqiitii akkanuma godhi”+ isaan jedhe.
38 Utuma karaa isaanii deemaa jiranii, Yesuus gara ganda tokkoo seene. Iddoo kanatti, dubartiin Maartaa+ jedhamtu tokko mana ishiitti keessummummaa isa simatte. 39 Ishiin obboleettii Maariyaam jedhamtu tokko qabdi turte; Maariyaam miila Gooftaa jala teessee wanta inni dubbatu dhaggeeffachaa turte. 40 Maartaan garuu hojii hedduudhaan qabamtee yaanni ishii hihiramee ture. Kanaafuu, gara Yesuus dhuftee, “Gooftaa, obboleettiin too hojii kana hunda na irratti dhiisuun ishii si hin yaaddessuu? Dhuftee akka na gargaartu itti himi” jette. 41 Gooftaanis akkana jedhee ishiidhaaf deebise: “Yaa Maartaa, yaa Maartaa, ati waaʼee wantoota hedduu ni yaaddofta, ni jeeqamtas. 42 Wanti barbaachisu garuu muraasa yookiin tokko qofa dha. Maariyaam gama ishiitiin gaʼee gaarii* filatteetti;+ innis ishii jalaa hin fudhatamu.”
11 Yesuus bakka tokkotti kadhachaa turee kadhannaa isaa yommuu xumuru barattoota isaa keessaa tokko, “Yaa Gooftaa, akkuma Yohaannis barattoota isaa barsiise, akkamitti akka kadhannu nu barsiisi” isaan jedhe.
2 Kanaafuu, inni akkana isaaniin jedhe: “Yeroo kadhattan hundatti akkana jedhaa: ‘Yaa Abbaa, maqaan kee haa qulqullaaʼu.*+ Mootummaan kee haa dhufu.+ 3 Nyaata guyyichaaf nu barbaachisu, guyyaa guyyaadhaan nuuf kenni.+ 4 Nuti nama balleessaa nu irratti raawwate* hundaaf waan dhiisneef,+ cubbuu* keenya nuu dhiisi;+ qorumsatti nu hin galchin.’”+
5 Achiis akkana isaaniin jedhe: “Isin keessaa namni tokko michuu qaba haa jennu; innis halkan walakkaa gara isaa dhaqee akkana isaan jedhe: ‘Yaa michuu koo, daabboo sadii naa liqeessi; 6 michuun koo tokko utuu karaa deemuu ammuma natti dhufe; anis waanan isaaf kennu tokko illee hin qabu.’ 7 Abbaan manichaa garuu, ‘Na hin rakkisin. Balballi cufameera, ijoolleen koos anaa wajjin siree irra rafaniiru. Ani kaʼee waan tokko iyyuu sii kennuu hin dandaʼu’ jedhee isaaf deebise. 8 Ani isiniin nan jedha, namichi michuu isaa waan taʼeef kaʼee homaa yoo isaaf kennuu baate illee, sababii namichi irra deddeebiʼee ija jabinaan isa kadhateef+ kaʼee wanta inni barbaade kam iyyuu isaaf ni kenna. 9 Kanaafuu, ani isiniin nan jedha, kadhachuu keessan itti fufaa,+ isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa, ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa, isiniif ni banama.+ 10 Kan kadhatu hundi ni kennamaaf,+ kan barbaadu hundi ni argata, kan balbala rurrukutu hundis isaaf ni banama. 11 Isin keessaa abbaan ilmi isaa qurxummii yoo isa kadhate bofa kennuuf jiraa?+ 12 Hanqaaquu yoo isa kadhate hoo torbaanqabaa ni kennaafii? 13 Kanaafuu, isin hamoota taatanii utuu jirtanii ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan inni samii immoo warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu caalchisee hin kennuu ree?”+
14 Boodas jinnii arraba namaa hidhu tokko baase.+ Jinniin sun erga isa keessaa baʼee booda, namichi arrabni isaa hidhame sun dubbachuu jalqabe; namoonni hedduun sunis ni dinqisiifatan.+ 15 Haa taʼu malee, isaan keessaa tokko tokko, “Inni bulchaa jinniiwwanii Biʼeelzebuliin* jinniiwwan baasa”+ jedhan. 16 Warri kaan immoo isa qoruudhaaf samii irraa mallattoo akka isaanitti argisiisu isa gaafachuu jalqaban.+ 17 Innis yaada isaanii beekee+ akkana isaaniin jedhe: “Mootummaan wal qoqqoodu hundi ni bada; manni wal qoqqoodu hundis ni jiga. 18 Haaluma wal fakkaatuun, Seexanni yoo wal qoqqoode mootummaan isaa akkamitti jabaatee dhaabbata? Sababiin isaas, isin ani Biʼeelzebuliin jinniiwwan akkan baasu dubbattu. 19 Ani jinniiwwan kanan baasu Biʼeelzebuliin yoo taʼe, ilmaan keessan hoo eenyuun isaan baasu? Isaan kan isinitti murteessan kanaafi. 20 Ani jinniiwwan kanan baasu quba Waaqayyootiin+ yoo taʼe garuu, Mootummaan Waaqayyoo utuu isin hin beekin isinitti dhufeera+ jechuu dha. 21 Namni cimaan tokko meeshaa waraanaa akka gaariitti hidhatee mana isaa yeroo eegu qabeenyi isaa hin tuqamu. 22 Haa taʼu malee, namni isa irra cimaa taʼe dhufee isa loluudhaan yoo isa moʼe, meeshaa waraanaa namichi sun itti amanamee ture hunda isa irraa fudhata; wanta isa irraa saame hundumaas warra kaaniif hira. 23 Namni na cinaa hin dhaabbanne hundi na morma; namni anaa wajjin walitti hin qabne hundi ni bittinneessa.+
24 “Hafuurri xuraaʼaan nama tokko keessaa yommuu baʼu, bakka itti boqotu barbaacha lafa bishaan hin qabne keessa joora; iddoo itti boqotu yommuu dhabu garuu, ‘Gara mana koo isan keessaa baʼetti nan deebiʼa’ jedha.+ 25 Yommuu deebiʼee dhufus, manichi haramee kan qulqulleeffamee fi miidhagaa taʼee argata. 26 Sana booda, dhaqee hafuurota isa caalaa hamoo taʼan kan biroo torba fudhatee dhufa, isaanis itti galanii achi jiraatu. Kanaafuu, haalli namicha sanaa inni gara boodaa isa duraa caalaa hammaata.”
27 Utuu inni wantoota kana dubbachaa jiruu dubartiin takka namoota gidduudhaa sagalee ishii ol kaastee, “Gadameessi si baatee fi harmi ati hoote gammadaa dha!”+ jette. 28 Inni garuu, “Lakki, gammadoon illee namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha!”+ jedhe.
29 Yommuu namoonni hedduun walitti qabaman akkana jedhee dubbachuu jalqabe: “Dhaloonni kun dhaloota hamaa dha; inni mallattoo kan barbaadu taʼus, mallattoo Yoonaas raajichaa malee mallattoo kan biraan isaaf hin kennamu.+ 30 Sababiin isaas, akkuma Yoonaas+ namoota Nanawweetiif mallattoo taʼe, Ilmi namaas dhaloota kanaaf mallattoo ni taʼa. 31 Mootuun kibbaa+ ogummaa Solomoon dhagaʼuuf andaara lafaatii kaatee waan dhufteef, yeroo murtiitti dhaloota kanaa wajjin kaatee isaanitti murteessiti. Haa taʼu malee, kunoo, Solomoon irra kan caalu as jira.+ 32 Namoonni Nanawwee lallaba Yoonaas dhagaʼanii yaada waan geddarataniif,+ yeroo murtiitti dhaloota kanaa wajjin kaʼanii itti murteessu. Haa taʼu malee, kunoo, Yoonaas irra kan caalu as jira. 33 Namni tokko ibsaa qabsiisee, bakka dhokataa yookiin guuboo* jala hin kaaʼu; kanaa mannaa, warri ol seenan ificha akka arganiif baattuu ibsaa irra kaaʼa.+ 34 Ibsaan qaamaa ija dha. Kanaafuu, ijji kee waan tokko irratti kan xiyyeeffate* yoo taʼe, guutummaan qaama keetii ifaa* ni taʼa; ijji kee kan hinaafu* yoo taʼe garuu, qaamni kees dukkana taʼa.+ 35 Kanaafuu, ifni si keessa jiru dukkana akka hin taane of eeggadhu. 36 Egaa qaamni kee kutaa dukkanaaʼe tokko illee utuu hin qabaatin guutummaan isaa ifaa yoo taʼe, akkuma ibsaan siif ifutti qaamni kee guutummaatti ifaa taʼa.”
37 Yesuus erga kana dubbatee booda Fariisiin tokko akka isaa wajjin nyaatu isa affeere. Innis gara mana isaatti seenee maaddiitti dhihaate. 38 Haa taʼu malee Fariisichi, Yesuus nyaata dura harka isaa akka hin dhiqanne* yommuu argu baayʼee dinqisiifate.+ 39 Gooftaan garuu akkana isaan jedhe: “Fariisota nana, isin kubbaayyaa fi saanii ala isaanii ni qulqulleessitu; keessi keessan garuu sassataa fi hammeenyaan kan guutame dha.+ 40 Gowwoota nana! Inni ala isaa hojjete, keessa isaa hoo hin hojjennee? 41 Kanaa manaa, wantoota garaa keessan keessa jiran kennaa gara laafinaa* godhaa kennaa; sana booda guutummaatti qulqulluu taatu. 42 Fariisota nana, isiniif wayyoo! Sababiin isaas kefoo, cilaaddamaa fi biqiltuu* akaakuu hundumaa keessaa kurnoo ni kennitu;+ garuu haqaa fi jaalala Waaqayyoo akka laayyootti ilaaltu. Wantoota kana kennuuf dirqamni kan isin irra jiru taʼus, wantoota kaanis akka laayyootti ilaaluu hin qabdan turtan.+ 43 Fariisota nana, isiniif wayyoo! Sababiin isaas, isin mana sagadaa keessatti fuuldura* taaʼuu, iddoo gabaattis nagaa gaafatamuu jaallattu.+ 44 Isin akka awwaalota* mallattoo hin qabnee fi namoonni utuu hin beekin irra deemanii waan taataniif isiniif wayyoo!”+
45 Yeroo kanatti warra Seericha beekan keessaa tokko, “Barsiisaa, wantoota kana yeroo dubbattu nuunis arrabsaa jirta” isaan jedhe. 46 Achiis Yesuus akkana jedhe: “Isin warra Seericha beektaniifis wayyoo! Sababiin isaas, isin baʼaa ulfaataa namoota irratti feetu; ofii keessaniif garuu quba tokkoon illee hin tuqxan.+
47 “Isiniif wayyoo! Sababiin isaas, isin awwaalota* raajotaa ijaartu; kan isaan ajjeese garuu abbootii keessani.+ 48 Egaa isin gocha abbootii keessaniitiif ragoota dha; isaan raajota ajjeesan,+ isin immoo awwaalota isaanii ijaartu; kanaafuu, gocha isaanii deggeraa jirtu. 49 Ogummaan Waaqayyoo kana ilaalchisee akkana kan jettu kanaafi: ‘Ani raajotaa fi ergamoota gara isaaniitti nan erga; isaanis isaan keessaa tokko tokko ni ajjeesu, kaan irra immoo ariʼatama geessisu; 50 kanaafuu, dhaloonni kun dhiiga raajotaa yeroo addunyaan hundeeffamee jalqabee dhangalaʼe hundumaatiif itti gaafatama;*+ 51 dhiiga Abeel+ irraa jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas isa iddoo aarsaa fi manicha* gidduutti ajjeefameetti+ itti gaafatama.’ Eeyyee, ani isinitti nan hima, dhaloonni kun dhiiga dhangalaʼeef itti gaafatama.*
52 “Isin warra Seericha beektaniif wayyoo! Sababiin isaas, furtuu beekumsaa buttanii fudhattaniittu. Ofii keessanii itti hin galtan, warra itti galuuf jedhanis ni dhowwitu.”+
53 Kanaafuu, yommuu Yesuus achii baʼee deemutti barsiisonni seeraa fi Fariisonni isatti marsanii gaaffiiwwan hedduu isa gaafachuudhaan isa dhiphisuu jalqaban; 54 wanta afaan isaa keessaa baʼuun kiyyoo keessa isa galchuuf eeggatu turan.+
12 Yeroo sanatti, namoonni kuma hedduutti lakkaaʼaman hamma wal irra ejjetanitti walitti qabaman; innis jalqaba barattoota isaatiin akkana jedhe: “Raacitii Fariisotaa, jechuunis fakkeessuu irraa of eeggadhaa.+ 2 Haa taʼu malee, wanti of eeggannoodhaan dhokfamee utuu hin mulʼifamin, wanti iccitii taʼee utuu hin beekamin hafu hin jiru.+ 3 Kanaafuu, wanti isin dukkana keessatti dubbattan ifa keessatti ni dhagaʼama; wanti gola keessatti hasaastanis baaxii manaa irraa ni lallabama. 4 Kana malees, michoota koo,+ ani isiniin nan jedha, warra foon ajjeesuudhaan alatti sana caalaa homaa gochuu hin dandeenye+ hin sodaatinaa. 5 Garuu isa sodaachuu qabdan isinitti nan argisiisa: Isa erga ajjeesee booda Gahaannam* keessatti darbachuuf aangoo qabu sana sodaadhaa.+ Eeyyee, ani isinitti nan hima, isa sodaadhaa.+ 6 Dimbiixiiwwan shan saantima gatii xinnoo qabdu lamatti* gurguramu mitii? Taʼus, isaan keessaa ishiin tokko illee Waaqayyo duratti hin dagatamtu.+ 7 Isin garuu rifeensi mataa keessanii hundi iyyuu lakkaaʼameera.+ Hin sodaatinaa; isin dimbiixiiwwan hedduu caalaa gatii guddaa qabdu.+
8 “Ani isinitti nan hima, nama namoota duratti dhugaa anaaf baʼu+ hundumaatiif, Ilmi namaa immoo maleekota Waaqayyoo duratti dhugaa isaaf ni baʼa.+ 9 Namni namoota duratti na ganu kam iyyuu garuu, maleekota Waaqayyoo duratti ni ganama.+ 10 Namni Ilma namaa irratti dubbii hamaa dubbatu kam iyyuu dhiifama ni argata; namni hafuura qulqulluu arrabsu kam iyyuu garuu dhiifama hin argatu.+ 11 Yeroo yaaʼii uummataa,* abbootii taayitaa mootummaa fi warra aangoo qaban duratti isin dhiheessan akkamitti yookiin maal jennee falmanna yookiin maal dubbanna jettanii hin yaaddaʼinaa;+ 12 sababiin isaas, hafuurri qulqulluun saʼaatii sanatti wantoota dubbachuu qabdan isin barsiisa.”+
13 Sana booda uummaticha gidduudhaa namichi tokko, “Barsiisaa, obboleessi koo dhaala keenya akka anaaf hiru itti naa himi” isaan jedhe. 14 Yesuusis, “Namicha nana, isin lamaan gidduutti abbaa murtii yookiin araarsituu akkan taʼu eenyutu na muude?” isaan jedhe. 15 Achiis, “Of eeggadhaa, namni tokko qabeenya hedduu yoo qabaate illee jireenyi isaa wantoota inni qabu irratti kan hundaaʼe waan hin taaneef+ sassata hundumaa irraa of eegaa”+ isaaniin jedhe. 16 Sana booda akkana jedhee fakkeenya tokko isaanitti hime: “Lafti namicha sooressa tokkoo oomisha guddaa isaaf kenne. 17 Kanaafuu, ‘Midhaan koo bakkan itti galfadhu waanan hin qabneef amma maal gochuu naa wayya?’ jedhee garaa isaatti yaaduu jalqabe. 18 Achiis akkana jedhe: ‘Kaʼeen akkana godha:+ Gootaraawwan koo diigeen gootaraawwan guguddaa ijaara; midhaan koo hundumaa fi miʼa koo hundumaas achitti nan naqadha; 19 achiis ofii* kootiin, “Ati,* wantoota gaggaarii hedduu waggaa baayʼeedhaaf si gaʼu qabda; egaa dhimma hin qabaatin, nyaadhu, dhugi, gammadis” nan jedha.’ 20 Waaqayyo garuu, ‘Gowwaa nana, halkanuma kana lubbuu kee si irraa fudhachuu barbaadu. Egaa wanti ati walitti qabatte kun eenyuuf taʼa ree?ʼ+ isaan jedhe. 21 Kanaafuu, namni ofii isaatiif qabeenya kuufatu, Waaqayyo biratti garuu badhaadhaa hin taane dhumni isaa akkanuma taʼa.”+
22 Achiis barattoota isaatiin akkana jedhe: “Kanaafuu, ani isinitti nan hima, waaʼee jireenya* keessanii ‘Maal nyaanna?’ yookiin waaʼee dhaqna keessanii ‘Maal uffanna?’ jettanii yaaddaʼuu keessan dhiisaa.+ 23 Sababiin isaas, jireenyi* nyaata caalaa, dhaqnis uffata caalaa gatii guddaa qaba. 24 Mee arraagessota ilaalaa: Isaan sanyii hin facaasan, hin haamanis; gootaraa yookiin mana kuusaa hin qaban; garuu Waaqayyo isaan ni soora.+ Maarree isin allaattiiwwan caalaa gatii guddaa hin qabdanii?+ 25 Isin keessaa namni yaaddaʼee umurii isaa irratti dhundhuma* tokko dabaluu dandaʼu jiraa? 26 Maarree isin waan xinnoo akkanaa illee gochuu erga hin dandeenyee, waaʼee wantoota kaanii maaliif yaaddoftu?+ 27 Abaaboowwan akkamitti akka guddatan ilaalaa: Isaan hin dhamaʼan, hin foʼanis; ani garuu isinitti nan hima, Solomoon illee ulfina sana hundumaa utuu qabuu, isaan keessaa hamma ishii tokkoo hin miidhagne.+ 28 Waaqayyo biqiltoota dirree keessaa warra harʼa mulʼatanii boru gara iddoo ibiddaatti darbataman akkanatti itti uwwisa erga taʼee, isin namoota amantii xinnoo qabdan nana, isinitti immoo kana caalaa hin uwwisuu ree? 29 Kanaafuu, waan nyaattanii fi waan dhugdan ilaalchisee yaaddaʼuu keessan dhiisaa, akkasumas akka malee dhiphachuu dhiisaa;+ 30 sababiin isaas, wantoonni kun hundi wantoota saboonni addunyaa argachuuf baayʼee hawwani dha; haa taʼu malee, Abbaan keessan wantoonni kun akka isin barbaachisan beeka.+ 31 Egaa, hundumaa dura Mootummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa; wantoonni kunis isiniif ni dabalamu.+
32 “Isin tuuta+ xinnoo nana, Abbaan keessan Mootummicha isiniif kennuutti waan gammadeef hin sodaatinaa.+ 33 Qabeenya keessan gurguraatii kennaa gara laafinaa* kennaa.+ Boorsaa maallaqaa hin moofofne qabaadhaa, jechuunis bakka hattuun bira hin geenyee fi bakka biliin hin nyaanne, samii irratti qabeenya hin dhumne kuufadhaa.+ 34 Sababiin isaas, bakkuma qabeenyi keessan jiru sana, garaan keessanis achuma ni taʼa.
35 “Mudhii keessan hidhadhaa;+ ibsaa keessanis ibsaa;+ 36 akkuma namoota hanga Gooftaan isaanii bakka cidha gaaʼelaatii+ deebiʼutti eeganii+ fi yommuu inni dhufee balbala rurrukutu yeruma sana isaaf banan sanaa taʼaa. 37 Garboonni yommuu gooftaan isaanii dhufu utuu dammaqanii eeganii isaan argatu gammadoo dha! Dhuguman isiniin jedha, inni erga mudhii isaa hidhatee booda, maaddiitti akka dhihaatan godhee isaan bira dhaabbatee isaan keessummeessa. 38 Inni halkan keessaa kutaa isa lammaffaattis* taʼe, kutaa isa sadaffaatti* dhufee qophaaʼoo taʼanii yoo isaan argate isaan gammadoo dha! 39 Garuu wanta kana beekaa: Abbaan manaa tokko hattuun saʼaatii meeqatti akka dhufu utuu beekee, manni isaa cabsamee akka saamamu hin godhu ture.+ 40 Isinis Ilmi namaa saʼaatii isin hin yaadnetti waan dhufuuf qophaaʼoo taʼaa eegaa.”+
41 Yeroo kanatti Pheexiros, “Yaa Gooftaa, ati fakkeenya kana nu qofatti moo namoota hundatti dubbachaa jirta?” jedhe. 42 Gooftaanis akkana jedhe: “Bulchaan* amanamaanii fi ogeessi,* yeroo sirrii taʼetti nyaata gaʼaa akka isaaniif kennu gooftaan isaa tajaajiltoota isaa irratti muudu dhuguma eenyu?+ 43 Gooftaan isaa dhufee utuu inni akkana godhuu yoo isa arge garbichi sun gammadaa dha! 44 Dhuguman isiniin jedha, inni qabeenya isaa hundumaa irratti isa muuda. 45 Haa taʼu malee, garbichi sun garaa isaatti, ‘Gooftaan koo dafee hin dhufu’ jedhee yaaduudhaan, tajaajiltoota dhiirotaa fi dubartoota taʼan reebuu,* akkasumas nyaachuu, dhuguu fi machaaʼuu yoo jalqabe,+ 46 gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti dhufee adaba guddaa isa adaba; gaʼee isaas warra amanamoo hin taanee wajjin godha. 47 Garbichi fedhii gooftaa isaa hubatee qophaaʼaa hin taane yookiin wanta inni isa gaafatu* hin hojjenne sun siʼa baayʼee garafama.+ 48 Garbichi utuu hin hubatin wanta isa garafsiisu hojjetu garuu muraasa garafama. Nama baayʼeen itti kenname hunda irraa baayʼeetu barbaadama; nama itti gaafatamummaa hedduun kennameef irraas hedduutu barbaadama.+
49 “Ani lafa irratti ibidda qabsiisuufan dhufe; maarree ammuma iyyuu qabsiifameera erga taʼee kana caalaa maalan barbaada? 50 Ani cuuphaan cuuphamu tokko qaba; hamma inni raawwatamuttis baayʼee nan dhiphadha!+ 51 Ani lafa irratti nagaa fiduuf waanan dhufe isinitti fakkaataa? Lakki, ani isinitti nan hima, qoqqooduufan dhufe.+ 52 Ammaa jalqabee namoonni wal qoqqoodan shan mana tokko keessa jiraatu; sadan isaanii lamaan isaanii irratti, lamaan isaanii immoo sadan isaanii irratti kaʼu. 53 Abbaan ilma irratti, ilmi abbaa irratti, haati intala irratti, intalli haadha irratti, amaatiin haadha manaa ilmaa irratti, haati manaa ilmaas amaatii irratti kaʼanii wal qoqqoodu.”+
54 Achiis namoota sanaan akkana jedhe: “Yommuu duumessi karaa dhihaa dhufu argitanii yeruma sana, ‘Bokkaa cimaan dhufaa jira’ jettu; akkuma jettanis ni taʼa. 55 Yommuu bubbeen kibbaa bubbisu argitaniis, ‘Hoʼi cimaan ni dhufa’ jettu; akkuma jettanis ni taʼa. 56 Fakkeessitoota nana, isin bifa lafaa fi samii akkamitti akka qortan ni beektu; maarree yeroo adda taʼe kana akkamitti akka qortan maalif wallaaltan?+ 57 Wanta qajeelaa taʼe isinumti ofuma keessanii maaliif hin murteessitan? 58 Fakkeenyaaf, nama si himatee wajjin gara bulchaa tokkotti utuma deemaa jirtuu, wal dhabiinsa nama si himate sanaa wajjin qabduuf furmaata kennuuf carraaqqii godhi; taʼuu baannaan, namni si himate sun abbaa murtii duratti si dhiheessa; abbaan murtii sunis waardiyyaa mana murtiitti si kenna; waardiyyaan sun immoo mana hidhaatti si galcha.+ 59 Ani sitti nan hima, saantima dhumaa ishii xinnoo* hanga kaffaltutti matumaa achii hin baatu.”
13 Yeroo sanatti namoonni achi turan tokko tokko waaʼee namoota Galiilaa warra Philaaxos dhiiga isaanii aarsaa isaaniitti make sanaa Yesuusitti himan. 2 Innis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Namoonni Galiilaa sun, wanti akkanaa kan isaan irra gaʼe, namoota Galiilaa kaan hundumaa caalaa cubbamoota waan turaniif isinitti fakkaataa? 3 Lakki, ani isinitti nan hima, isin yoo yaada geddarachuu baattan, hundi keessan akkasuma ni baddu.+ 4 Yookiin namoonni gamoon Siiloʼaam irratti jigee ajjeese 18 sun, namoota Yerusaalem keessa jiraatan kaan hundumaa caalaa kan yakkan isinitti fakkaataa? 5 Lakki, ani isinitti nan hima, isin yoo yaada geddarachuu baattan, hundi keessan akkuma isaanii ni baddu.”
6 Achiis fakkeenya kana isaanitti himuu jalqabe: “Namni tokko muka harbuu maasii wayinii isaa keessa dhaabame tokko qaba ture; yommuu firii irraa funaannachuu dhufu garuu homaa irraa hin arganne.+ 7 Achiis hojjetaa maasii wayinii sanaan, ‘Muka harbuu kana irraa firii funaannachuuf waggaa sadiif deddeebiʼeera; garuu homaa irraa hin arganne. Kanaafuu isa muri! Faayidaa malee maaliif iddoo qabata?’ jedhe. 8 Innis deebisee akkana isaan jedhe: ‘Yaa Gooftaa, hamman naannoo isaa qotee dikee itti godhutti waggaa tokkoof haa turu. 9 Gara fuulduraatti firii yoo godhate gaarii dha; yoo godhachuu baate garuu muri.’”+
10 Yesuus guyyaa Sanbataatti mana sagadaa tokko keessatti barsiisaa ture. 11 Yeroo kanatti dubartiin hafuura hamaadhaan* qabamtee waggaa 18f dhukkubsachaa jirtu tokko achi turte; ishiin waan goophatteef matumaa ol jechuu hin dandeessu turte. 12 Yesuusis yommuu ishii argu ishii waamee, “Dubartii nana, dhukkuba kee irraa furamteetta”+ jedhe. 13 Achiis harka isaa ishii irra kaaʼe; ishiinis yeruma sana ol jettee dhaabbattee Waaqa galateeffachuu jalqabde. 14 Geggeessaan mana sagadaa sun garuu Yesuus guyyaa Sanbataatti waan fayyiseef aaree, namoota sanaan, “Guyyoonni hojiin itti hojjetaman jaʼa jiru;+ kanaafuu, guyyaa Sanbataatti utuu hin taʼin, guyyoota sanatti kottaa fayyifamaa”+ jedhe. 15 Gooftaan garuu akkana jedhee isaaf deebise: “Fakkeessitoota+ nana, tokkoon tokkoon keessan guyyaa Sanbataatti qotiyyoo yookiin harree keessan dallaa keessaa hiiktanii bishaan obaasuu ni geessitu mitii?+ 16 Maarree, dubartiin intala Abrahaam taatee fi waggaa 18f Seexanaan hidhamtee turte tun, guyyaa Sanbataatti hidhaa kana irraa hiikamuu hin qabduu?” 17 Yommuu inni wantoota kana dubbatu, mormitoonni isaa hundi ni qaanaʼan; namoonni hedduun sun garuu, wantoota dinqisiisoo inni hojjete hundumaatti ni gammadan.+
18 Achiis Yesuus akkana jedhe: “Mootummaan Waaqayyoo maal fakkaata? Maalittan fakkeessuu dandaʼa? 19 Firii sanaaficaa namni tokko fuudhee maasii isaa keessa dhaabee wajjin wal fakkaata. Inni guddatee muka taʼe; simbirroonni samiis damee isaa irratti manʼee ijaarratan.”+
20 Ammas akkana jedhe: “Mootummaa Waaqayyoo maalittan fakkeessuu dandaʼa? 21 Raacitii dubartiin takka fuutee hamma guutummaan bukoo sanaa bukaaʼutti daakuu safartuu* guguddaa sadiitti maktee wajjin wal fakkaata.”+
22 Yesuus gara Yerusaalemitti yommuu deemu namoota barsiisaa, magaalotaa fi gandeen hunda keessa darbaa ture. 23 Yeroo kanatti namni tokko, “Yaa Gooftaa, Namoota muraasa qofatu fayyaa?” isaan jedhe. Innis akkana isaaniin jedhe: 24 “Balbala isa dhiphaadhaan ol seenuuf carraaqqii guddaa godhaa;+ sababiin isaas, ani isinitti nan hima, namoonni hedduun itti galuu barbaadu, garuu hin dandaʼan. 25 Yommuu abbaan manichaa kaʼee balbala cufu, isin ala dhaabbattanii balbala rurrukutaa, ‘Yaa Gooftaa nuu bani’ jettu.+ Inni garuu, ‘Ani isin eessaa akka dhuftan hin beeku’ jedhee isaaniif deebisa. 26 Isinis, ‘Nuti sii wajjin nyaanneerra, dhugneerras; daandiiwwan guguddaa keenya irrattis barsiisteetta’ jechuu jalqabdu.+ 27 Inni garuu, ‘Ani isin eessaa akka dhuftan hin beeku. Isin warri jalʼina hojjettan nana, hundi keessan na biraa deemaa!’ isiniin jedha. 28 Isin alatti kan gatamtan taʼus, Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoobii fi raajota hunda Mootummaa Waaqayyoo keessatti yommuu argitan, achitti ni boossu, ilkaan keessanis ni qartu.+ 29 Kana malees, namoonni bahaa fi dhiha, akkasumas kaabaa fi kibba irraa dhufanii Mootummaa Waaqayyoo keessatti maaddiitti dhihaatu. 30 Kunoo, warra boodaa keessaa warra duraa kan taʼan, warra duraa keessaas warra boodaa kan taʼan jiru.”+
31 Saʼaatii sanatti Fariisonni tokko tokko dhufanii, “Heroodis si ajjeesuu waan barbaaduuf asii baʼiitii deemi” isaan jedhan. 32 Innis akkana isaaniin jedhe: “Dhaqaatii, ‘Kunoo, ani harʼaa fi boru jinniiwwan nan baasa, namoota dhukkubsatanis nan fayyisa, guyyaa sadaffaattis hojii koo nan xumura’ jedhaatii jeedala sanatti himaa. 33 Haa taʼu malee, raajiin Yerusaalemii alatti ajjeefamuu waan hin qabneef, harʼa, borii fi iftaan deemsa koo itti fufuun qaba.+ 34 Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, raajota kan ajjeestu, warra gara keetti ergamanis dhagaadhaan kan tumtu,+ akkuma lukkuun cuucota ishii qoochoo ishii jalatti walitti qabdu ijoollee kee siʼa meeqan walitti qabuu barbaade! Isin garuu hin barbaanne.+ 35 Kunoo, manni keessan isiniif ni dhiifama.+ Ani isinitti nan hima, ‘Inni maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha!’+ hamma jettanitti matumaa ana hin argitan.”
14 Yeroo kan biraatti Yesuus guyyaa Sanbataatti nyaata nyaachuuf geggeessitoota Fariisotaa keessaa gara mana isa tokkootti yommuu seenu, namoonni xiyyeeffannaadhaan isa hordofu turan. 2 Yeroo kanatti namichi dhukkuba dhaqna dhiitessuun* qabame tokko isa dura jira ture. 3 Yesuusis, “Guyyaa Sanbataatti fayyisuun seeraan heyyamameera moo hin heyyamamne?”+ jedhee warra Seericha beekanii fi Fariisota gaafate. 4 Isaan garuu calluma jedhan. Yeroo kanatti namicha qabee isa fayyise; boodas isa geggeesse. 5 Achiis, “Isin keessaa namni ilmi isaa yookiin qotiyyoon isaa guyyaa Sanbataatti boolla keessatti yoo jalaa kufe+ yeruma sana harkisee achi keessaa hin baasne eenyu?”+ isaaniin jedhe. 6 Isaanis kanaaf deebii kennuu hin dandeenye.
7 Achiis namoonni affeeraman sun ofii isaaniitiif iddoo hunda irra caalu filachaa akka jiran+ yommuu argu fakkeenya tokko isaanitti hime. Akkana isaaniin jedhe: 8 “Namni tokko yommuu cidha gaaʼelaa irratti si affeeru iddoo hunda irra caalu hin taaʼin.+ Tarii namni si caalaa bakka guddaa qabu affeeramee taʼuu dandaʼa. 9 Achiis namichi lamaan keessan affeere sun dhufee, ‘Iddoo kana nama kanaaf gadhiisi’ siin jedha. Atis qaanoftee dhaqxee iddoo hunda caalaa gad aanaa taʼe teessa. 10 Haa taʼu malee, yommuu affeeramtu namichi si affeere sun dhufee, ‘Michuu koo, iddoo ol aanutti ol siqi’ akka siin jedhutti, dhaqiitii iddoo hunda caalaa gad aanaa taʼe taaʼi. Achiis namoota sii wajjin affeeraman hunda duratti ulfina argatta.+ 11 Sababiin isaas, namni ol of qabu hundi gad ni qabama; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol ni qabama.”+
12 Itti aansuudhaanis namicha isa affeereen akkana jedhe: “Yommuu laaqana yookiin irbaata qopheessitu, michoota kee yookiin obboloota kee yookiin firoottan kee yookiin olloota kee warra sooreyyii taʼan hin waamin. Sababiin isaas, isaanis si affeeranii gatii kee sii deebisuu dandaʼu. 13 Haa taʼu malee, yommuu affeerrii qopheessitu, hiyyeeyyii, warra naafatan, warra okkolanii fi warra qaro dhabeeyyii taʼan waami;+ 14 isaan gatii sii deebisuu waan hin dandeenyeef, gammachuu argatta. Sababiin isaas, gatiin kee yeroo duʼaa kaʼuu+ qajeelotaatti siif ni deebiʼa.”
15 Warra affeeraman keessaa tokko yommuu kana dhagaʼu, “Namni Mootummaa Waaqayyoo keessatti maaddiitti dhihaatu* gammadaa dha” isaan jedhe.
16 Yesuusis akkana isaan jedhe: “Namni tokko affeerrii irbaataa guddaa qopheessee+ namoota hedduu affeere. 17 Namichis saʼaatiin irbaataa yommuu gaʼu dhaqee warra affeeraman sanaan, ‘Amma wanti hundi waan qophaaʼeef kottaa’ jedhee akka waamu garbicha isaa erge. 18 Haa taʼu malee, hundi isaanii iyyuu sababii dhiheessuu jalqaban.+ Inni jalqabaa, ‘Ani lafa waanan bitadheef dhaqee ilaaluun qaba; maaloo, dhiifama naa godhi’ isaan jedhe. 19 Inni tokkos, ‘Ani qotiyyoo cimdii shan waanan bitadheef dhaqeen isaan qora; maaloo, dhiifama naa godhi’ jedhe.+ 20 Inni tokko immoo, ‘Reefuu fuudhuu koo ti; kanaafuu, dhufuu hin dandaʼu’ jedhe. 21 Garbichi sunis dhufee wanta kana gooftaa isaatti hime. Achiis gooftaan mana sanaa aaree garbicha isaatiin, ‘Dafi, daandiiwwan guguddaa fi xixinnaa magaalattiitti baʼiitii hiyyeeyyii, warra naafatan, warra qaro dhabeeyyii taʼanii fi warra okkolan fidi’ jedhe. 22 Boodas garbichi sun, ‘Yaa gooftaa, wanti ati ajajje raawwatameera; garuu ammas iddoon jira’ jedhe. 23 Gooftaan sunis garbicha sanaan akkana jedhe: ‘Gara daandiiwwan magaalattiidhaa ala jiran kan birootti baʼiitii manni koo akka guutuuf namoota dirqisiisii ol galchi.+ 24 Ani isiniin nan jedha, namoota affeeraman keessaa tokko illee irbaata ani qopheesse afaaniin hin qabu.’”+
25 Namoonni hedduun isaa wajjin deemaa utuu jiranii garagalee akkana isaaniin jedhe: 26 “Namni gara koo dhufu kam iyyuu, abbaa isaa, haadha isaa, haadha manaa isaa, ijoollee isaa, obboloota isaa fi obboleettota isaa, akkasumas lubbuu isaa illee hin jibbu*+ taanaan barataa koo taʼuu hin dandaʼu.+ 27 Namni muka dhiphinaa isaa* baatee ana duukaa hin buune kam iyyuu barataa koo taʼuu hin dandaʼu.+ 28 Fakkeenyaaf, isin keessaa namni tokko gamoo ijaaruu yoo barbaade, dura taaʼee maallaqa gaʼaa ittiin ijaaree xumuru qabaachuu isaa beekuuf baasii isaa kan hin shallagne eenyu? 29 Kun taʼuu baannaan garuu, inni buʼuura isaa erga ijaaree booda gamoo sana xumuruu dadhaba; warri ilaalan hundis isatti qoosuu jalqabu; 30 ‘Namichi kun ijaaruu jalqabee xumuruu dadhabe’ jedhu. 31 Yookiin mootiin mootii kan biraa irratti waraana banu tokko loltoota 10,000 qabatee isa loltoota 20,000 qabatee isatti dhufu moʼuu dandaʼuu fi dhiisuu isaa beekuuf jalqaba taaʼee gorsa hin gaafatuu? 32 Moʼuu hin dandaʼu taanaan garuu, mootiin isa waraanuu dhufu utuma fagoo jiruu ambaasaaddaroota* isatti ergee nagaan akka buʼu kadhata. 33 Haaluma wal fakkaatuun, isin keessaa namni qabeenya isaa hunda hin dhiisne barataa koo taʼuu akka hin dandeenye beekaa.+
34 “Soogiddi gaarii dha. Soogiddi yoo miʼaa isaa dhabe garuu maaliin miʼeeffamuu dandaʼa?+ 35 Sana booda namoonni baasanii gatu malee biyyoodhaaf yookiin xaaʼoodhaaf hin taʼu. Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu.”+
15 Gaaf tokko warri qaraxa sassaabanii fi cubbamoonni hundi Yesuusiin dhaggeeffachuuf isa biratti walitti qabaman.+ 2 Yeroo kanatti, Fariisonnii fi barsiisonni seeraa, “Namichi kun cubbamoota ni simata; isaanii wajjinis ni nyaata” jedhanii gunguman. 3 Achiis inni akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime: 4 “Isin keessaa namni hoolota 100 qabu hoolaan tokko yoo jalaa bade, hoolota 99n sana lafa onaa keessatti dhiisee isa jalaa bade sana hamma argatutti kan hin barbaanne jiraa?+ 5 Yeroo isa argatus gateettii isaa irratti ni baata, ni gammadas. 6 Yommuu mana gaʼus, michoota isaa fi olloota isaa walitti waamee, ‘Hoolaa koo isa na jalaa bade waanan argadheef, anaa wajjin gammadaa’+ isaaniin jedha. 7 Ani isinitti nan hima, haaluma wal fakkaatuun, namoota qajeeloo 99 yaada geddarachuun isaan hin barbaachisne caalaa, cubbamaa yaada geddarate tokkotti samii irratti gammachuu guddaan ni taʼa.+
8 “Yookiin dubartiin saantima diraakmaa* kudhan qabdu diraakmaan* tokko yoo jalaa bade, ibsaa qabsiistee, akkasumas mana ishii hartee hamma argattutti of eeggannoodhaan hin barbaanne eenyu? 9 Yommuu argattus, michoota ishii* fi olloota ishii walitti waamtee, ‘Saantima diraakmaa* koo isa na jalaa bade waanan argadheef, anaa wajjin gammadaa’ jetti. 10 Haaluma wal fakkaatuun, ani isinitti nan hima, cubbamaa yaada geddarate tokko ilaalchisee maleekota Waaqayyoo gidduutti gammachuun ni taʼa.”+
11 Achiis akkana jedhe: “Namichi tokko ilmaan lama qaba ture. 12 Inni quxisuun abbaa isaatiin, ‘Yaa abbaa koo, qabeenya kee keessaa qooda koo naa kenni’ jedhe. Abbaan isaas qabeenya isaa isaaniif hire. 13 Guyyoota muraasa booda, ilmi quxisuun sun wanta qabu hunda walitti qabatee gara biyya fagoo tokko dhaqe; achittis jireenya gadhiisii jiraachuudhaan qabeenya isaa bittinneesse. 14 Wanta qabu hunda yommuu fixus, guutummaa biyyattii keessatti beelli cimaan waan buʼeef rakkina irra buʼe. 15 Yeroo kanatti namoota biyya sanaa keessaa isa tokkotti maxxane; namichis booyyota+ akka tiksu gara maasii isaatti isa erge. 16 Inni nyaata booyyeen nyaattu illee nyaatee quufuu ni hawwa ture; garuu isuma iyyuu namni isaaf kennu hin turre.
17 “Yommuu qalbii isaatti deebiʼus akkana jedhe: ‘Namoonni abbaa kootiif mindeeffamanii hojjetan meeqa nyaanni isaan irraa hafee utuu jiruu, ani asitti beelaan duʼuufan jedha! 18 Kaʼee gara abbaa koo dhaqeen akkana isaan jedha: “Yaa abbaa koo, ani samii fi si irratti cubbuu hojjedheera. 19 Kana booda ilma kee jedhamee waamamuun anaaf hin malu. Namoota siif mindeeffamanii hojjetan keessaa akka isa tokkootti na ilaali.”’ 20 Kanaafuu, kaʼee gara abbaa isaa dhaqe. Utuma inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee garaan isaa raafame; fiigee isatti maramees isa dhungate. 21 Achiis mucichi abbaa isaatiin, ‘Yaa abbaa koo, ani samii fi si irratti cubbuu hojjedheera.+ Kana booda ilma kee jedhamee waamamuun anaaf hin malu’ isaan jedhe. 22 Abbaan isaa garuu garboota isaatiin akkana jedhe: ‘Dafaa, uffata isa hunda irra caalu fidaatii itti uwwisaa, quba isaatti qubeellaa, miila isaattis kophee kaaʼaafii. 23 Akkasumas jibicha isa gabbataa fidaatii qalaa, haa nyaannu, haa gammannus; 24 sababiin isaas, ilmi koo kun duʼee ture, amma garuu deebiʼee jireenya argateera;+ badee ture, amma garuu argameera.’ Achiis isaan gammaduu jalqaban.
25 “Yeroo kanatti obboleessi isaa inni angafni maasii keessa ture; yeroo achii deebiʼee manatti dhihaatus sagalee muuziqaa fi sirbaa dhagaʼe. 26 Kanaafuu, hojjettoota keessaa isa tokko waamee maaltu taʼaa akka jiru gaafate. 27 Innis, ‘Obboleessi kee dhufeera, abbaan kees inni nagaadhaan waan gara isaatti deebiʼeef jibicha isa gabbataa qaleera’ isaan jedhe. 28 Inni garuu aaree ol seenuu dide. Achiis abbaan isaa gad baʼee isa kadhachuu jalqabe. 29 Innis deebisee abbaa isaatiin akkana jedhe: ‘Kunoo, ani waggoota hedduu hammanaatiif akka garbichaatti si tajaajileera; takkaa illee ajaja kee didee hin beeku; ati garuu akkan hiriyoota koo wajjin gammaduuf, ilmoo reʼee tokko illee naaf kennitee hin beektu. 30 Ilmi kee inni qabeenya kee sagaagaltootaa wajjin bittinneesse* kun akkuma dhufeen garuu, jibicha gabbataa isaaf qalte.’ 31 Achiis abbaan isaa akkana isaan jedhe: ‘Yaa ilma koo, ati yeroo hunda anaa wajjin jirta; wanti kan koo taʼe hundis kan kee ti. 32 Haa taʼu malee, obboleessi kee duʼee ture, amma garuu deebiʼee jiraateera; badee ture, amma garuu deebiʼee argameera; kanaafuu, gammaduu fi ililchuu qabna.’”
16 Achiis Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe: “Namni sooressi tokko bulchaa* tokko qaba ture; bulchaan sun qabeenya isaa jalaa bittinneessaa akka jiru itti himame. 2 Kanaafuu, inni isa waamee, ‘Wanti ani waaʼee kee dhagaʼu kun maali dha? Kana booda ati manicha bulchuu waan hin dandeenyeef, galmee herregaa ittiin hojjechaa turte naaf kenni’ isaan jedhe. 3 Bulchaan sunis garaa isaatti akkana jedhee yaade: ‘Gooftaan koo hojii koo irraa na ariʼuuf jedha; egaa maal gochuu naa wayya? Qotuuf humna hin qabu; kadhachuu immoo nan qaanaʼa. 4 Egaa yommuun hojii koo irraa ariʼamu namoonni mana isaaniitti akka na simataniif waanan godhu anuu beeka.’ 5 Achiis namoota gooftaa isaa irraa liqeeffatan tokko tokkoon ofitti waamee, isa jalqabaatiin, ‘Gooftaan koo liqii hammamii si irraa qaba?’ jedhe. 6 Namichis deebisee, ‘Zayitii ejersaa safartuu* 100’ jedhe. Innis, ‘Waraqaa walii galtee kee hoodhu, taaʼiitii dafii 50 jedhii barreessi’ isaan jedhe. 7 Achiis isa tokkoon, ‘Ati hoo hammam liqeeffatte?’ jedhe. Namichis, ‘Qamadii safartuu guguddaa 100’* jedhe. Innis, ‘Waraqaa walii galtee kee hoodhu, 80 jedhii barreessi’ isaan jedhe. 8 Gooftaan isaas bulchaan kun jalʼaa yoo taʼe iyyuu, ogummaadhaan* tarkaanfii waan fudhateef isa jaje; ilmaan sirna* kanaa walitti dhufeenya dhaloota yeroo isaaniitti argamuu wajjin qabaniin ilmaan ifaa+ caalaa ogeeyyii dha.
9 “Ani isiniin nan jedha, yommuu qabeenyi kun dhumu isaan bakka jireenyaa bara baraatti akka isin simataniif,+ qabeenya jalʼinaatiin ofii keessaniif michoota horadhaa.+ 10 Namni wanta xinnoo irratti amanamaa taʼe, wanta hedduu irrattis amanamaa taʼa; namni wanta xinnoo irratti amanamaa hin taane, wanta hedduu irrattis amanamaa hin taʼu. 11 Kanaafuu, qabeenya jalʼinaa wajjin haala wal qabateen yoo amanamoo taʼuu baattan, qabeenya isa dhugaa eenyutu amanee isinitti kenna ree? 12 Wanta kan nama biraa taʼee wajjin haala wal qabateen yoo amanamoo taʼuu baattan, wanta isiniif qophaaʼe eenyutu isiniif kenna?+ 13 Tajaajilaan gooftolii lamaaf garbicha taʼuu dandaʼu hin jiru; isa tokko jibbee isa kan biraa jaallata; yookiin isa tokkotti maxxanee isa kan biraa tuffata. Waaqayyoo fi qabeenyaaf garboota taʼuu hin dandeessan.”+
14 Yeroo kanatti Fariisonni maallaqa jaallatan wanta kana hunda dhagaʼaa waan turaniif isatti qoosuu jalqaban.+ 15 Kanaafuu, akkana isaaniin jedhe: “Isin namoota duratti qajeelota akka taatan dubbattu,+ Waaqayyo garuu garaa keessan beeka.+ Sababiin isaas, wanti namoota duratti bakki guddaan kennamuuf Waaqayyo duratti jibbisiisaa dha.+
16 “Seerichii fi Raajonni hanga Yohaannisitti lallabamaa turaniiru. Yeroo sanaa jalqabee misiraachoon Mootummaa Waaqayyoo lallabamaa jira; akaakuun namootaa hundis itti galuudhaaf carraaqqii cimaa gochaa jiru.+ 17 Dhugaa dubbachuuf, Seericha keessaa sararri qubee tokko utuu hin raawwatamin hafuu mannaa, samii fi lafti utuu darbanii salphata.+
18 “Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundi ejja raawwata; namni dubartii abbaan manaa hiike fuudhu hundis ejja raawwata.+
19 “Namichi sooressi uffata bifa dhiilgee fi uffata quncee talbaa irraa tolfame uffatu, akkasumas guyyaa guyyaadhaan jireenya qananii jiraatu tokko jira ture. 20 Haa taʼu malee, kadhattuun Alaazaar jedhamuu fi guutummaan qaama isaa madaaʼe tokko yeroo hunda karra mana namichaa dura kaaʼama ture; 21 inni wanta maaddii namicha sooressa sanaa irraa harcaʼu nyaatee quufuuf hawwa ture. Saroonni illee dhufanii madaa isaa arraabu turan. 22 Yeroo booda kadhattuun sun ni duʼe; maleekonnis fuudhanii Abrahaam cinaatti* isa geessan.
“Namichi sooressi sunis duʼee awwaalame. 23 Awwaala* keessatti utuu dhiphachaa jiruus ol jedhee yommuu ilaalu fagootti Abrahaamiin, isa cinaattis* Alaazaariin arge. 24 Kanaafuu sagalee isaa ol kaasee, ‘Yaa Abrahaam abbaa koo, garaa naa laafi; ani ibidda cimaa kana keessatti dhiphachaa waanan jiruuf, Alaazaar fiixee quba isaa bishaan keessa cuuphee arraba koo akka naaf qabbaneessu naa ergi’ jedhe. 25 Abrahaam garuu akkana jedhe: ‘Ilma koo, ati bara jireenyaa keetti wantoota gaggaarii akka argatte, Alaazaar garuu wantoonni hamaan isa irra gaʼaa akka turan yaadadhu. Amma garuu inni asitti jajjabina argachaa jira; ati immoo dhiphachaa jirta. 26 Wantoota kana hunda malees, nuyii fi isin gidduu hallayyaa guddaan tokko jira; kanaan kan kaʼes warri asii gara keessanitti ceʼuu barbaadan ceʼuu hin dandaʼan; gamaas namoonni gara keenyatti ceʼuu hin dandaʼan.’ 27 Achiis namichi akkana jedhe: ‘Akkana taanaan, yaa abbaa, Alaazaariin gara mana abbaa kootti akka ergitu sin kadhadha; 28 sababiin isaas, ani obboloota shan qaba; isaanis bakka dhiphinaa kana akka hin dhufneef, inni guutummaatti dhugaa isaaniif haa baʼu.’ 29 Abrahaam garuu, ‘Musee fi Raajota qabu; isaaniin haa dhaggeeffatan’+ jedhe. 30 Innis, ‘Hin taʼu, yaa Abrahaam abbaa koo, namni tokko duʼaa kaʼee utuu gara isaanii dhaqee yaada ni geddaratu’ jedhe. 31 Abrahaam garuu namicha sanaan, ‘Isaan Musee+ fi Raajota hin dhaggeeffatan taanaan, namni tokko utuu duʼaa kaʼee illee hin amanan’ jedhe.”
17 Achiis inni barattoota isaatiin akkana jedhe: “Wantoonni nama gufachiisan akka hin dhufne gochuun hin dandaʼamu. Nama karaa isaa wantoonni kun dhufan sanaaf garuu wayyoo! 2 Inni warra xixinnoo kana keessaa tokko gufachiisuu isaa mannaa, dhagaan daakuu morma isaatti hidhamee galaanatti utuu darbatamee isaaf wayya ture.+ 3 Of eeggadhaa. Obboleessi kee cubbuu yoo hojjete isa akeekkachiisi,+ yoo yaada geddarates dhiifama isaaf godhi.+ 4 Inni guyyaa tokkotti siʼa torba yoo cubbuu si irratti hojjetee fi siʼa torbanuu deddeebiʼee gara kee dhufee, ‘Yaada geddaradheera’ yoo siin jedhe, dhiifama gochuufii qabda.”+
5 Yeroo kanatti ergamoonni Gooftaadhaan, “Amantii keenya nuuf guddisi”+ jedhan. 6 Gooftaanis akkana jedhe: “Amantii hanga firii sanaaficaa geessu yoo qabaattan, muka guddaa kanaan, ‘Asii buqqaʼii galaana keessa dhaabami!’ jettu; innis isiniif ni ajajama.+
7 “Isin keessaa namni garbicha isaaf qotu yookiin isaaf tiksu qabu tokko yommuu inni bakka hojiitii galu, ‘Dafii as kottu, taaʼii nyaadhu’ isaan jedhu eenyu? 8 Kanaa mannaa, ‘Irbaata naa qopheessi; hamman nyaadhee dhugee xumuruttis marxifadhuu na tajaajili; sana booda nyaachuu fi dhuguu dandeessa’ isaan hin jedhuu? 9 Garbichi sun hojii isaaf kenname waan hojjeteef gooftaan isaa isa galateeffataa? 10 Haaluma wal fakkaatuun, isinis hojii isiniif kenname hunda yommuu hojjettan, ‘Nuti garboota gatii hin qabne dha. Wanti hojjenne wanta hojjechuu qabnu dha’+ jedhaa.”
11 Yesuus yommuu gara Yerusaalem deemutti, Samaariyaa fi Galiilaa gidduu darbaa ture. 12 Utuu inni ganda tokkotti seenaa jiruus namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman kudhan isa argan; taʼus halaala dhaabbatan.+ 13 Achiis sagalee isaanii ol kaasanii, “Yaa Yesuus, yaa Barsiisaa, garaa nuu laafi!” jedhan. 14 Innis yommuu isaan argu, “Dhaqaatii lubootatti of argisiisaa”+ isaaniin jedhe. Isaanis utuma deemaa jiranii ni fayyan.+ 15 Isaan keessaa inni tokko fayyuu isaa yommuu argu, sagalee guddaadhaan Waaqayyoon galateeffachaa deebiʼe. 16 Miila Yesuusitti kufees isa galateeffate. Namichi kun nama Samaariyaa+ ture. 17 Yesuusis akkana jedhe: “Namoonni fayyan kudhan hin turree? Maarree warri kaan salgan eessa jiru? 18 Nama biyya kan biraa kana malee, Waaqayyoon galateeffachuuf kan deebiʼe tokko illee hin jiruu?” 19 Achiis, “Kaʼiitii deemi; amantiin kee si fayyiseera”+ isaan jedhe.
20 Fariisonni Mootummaan Waaqayyoo yoom akka dhufu+ yommuu isa gaafatan, Yesuus akkana jedhee isaaniif deebise: “Mootummaan Waaqayyoo karaa namoonni hundi hubataniin hin dhufu; 21 namoonnis, ‘Kunoo, as jira!’ yookiin ‘Achi jira!’ hin jedhan. Sababiin isaas, kunoo, Mootummaan Waaqayyoo isin gidduu jira.”+
22 Achiis barattoota isaatiin akkana jedhe: “Guyyoota Ilma namaa keessaa isa tokko arguuf yeroon itti hawwitan ni dhufa; garuu hin argitan. 23 Namoonnis, ‘Kunoo, achi jira!’ yookiin ‘Kunoo, as jira!’ isiniin jedhu. Isin garuu hin dhaqinaa yookiin isaan duukaa hin buʼinaa.+ 24 Sababiin isaas, akkuma balaqqeessi kutaa samii isa tokkoo hamma kutaa samii isa kan biraatti balaqqeessaʼu, Ilmi namaas+ guyyaa isaatti akkasuma ni taʼa.+ 25 Jalqaba garuu rakkina hedduu keessa darbuu fi dhaloota kana biratti tuffatamuu qaba.+ 26 Kana malees, akkuma bara Nohitti+ taʼee ture, bara Ilma namaattis akkasuma ni taʼa:+ 27 Hanga guyyaa Noh doonichatti galettii+ fi Bishaan Badiisaa sun dhufee hunda isaanii balleessetti,+ namoonni bara sanaa nyaachaa, dhugaa, dhiironni fuudhaa, dubartoonnis heerumaa turan. 28 Haaluma wal fakkaatuun, akkuma bara Looxitti+ tures ni taʼa: Namoonni bara sanaa nyaachaa, dhugaa, bitaa, gurguraa, dhaabaa fi ijaaraa turan. 29 Guyyaa Loox Sodoomii baʼetti garuu, ibiddii fi dinyiin samii irraa roobee hunda isaanii balleesse.+ 30 Guyyaa Ilmi namaa mulʼatu+ sanattis akkasuma ni taʼa.
31 “Guyyaa sanatti namni baaxii manaa irra jiruu fi mana keessaa miʼa qabu, miʼa isaa fudhachuuf gad hin buʼin; haaluma wal fakkaatuun, namni maasii keessa jiru wantoota duubatti hafanitti hin deebiʼin. 32 Haadha manaa Loox yaadadhaa.+ 33 Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu ni dhaba; namni lubbuu isaa dhabu kam iyyuu garuu lubbuu isaa ni tursa.+ 34 Ani isinitti nan hima, halkan sana namoonni lama siree tokko irra ciisu; inni tokko ni fudhatama, inni tokko garuu ni dhiifama.+ 35 Dubartoonni lama dhagaa daakuu tokkotti daaku; ishiin tokko ni fudhatamti, ishiin tokko garuu ni dhiifamti.” 36* —— 37 Kanaafuu, isaan deebisanii, “Yaa Gooftaa, eessatti?” isaan jedhan. Innis, “Bakka raqni jirutti risaan achitti wal gaʼa”+ isaaniin jedhe.
18 Achiis Yesuus, utuu abdii hin kutatin yeroo hunda kadhachuun+ barbaachisaa taʼuu isaa ilaalchisee fakkeenya tokko isaanitti himuu jalqabe; 2 akkana jedhe: “Magaalaa tokko keessa abbaan murtii Waaqayyoon hin sodaannee fi nama hin kabajne tokko jira ture. 3 Dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokkos magaalaa sana keessa jirti turte; ishiin yeroo hunda gara isaa dhaqxee, ‘Anaa fi nama na falmu gidduutti murtii sirrii naa kenni’ jetti turte. 4 Inni yeroo muraasaaf kana gochuuf tole hin jenne; booda garuu akkana ofiin jedhe: ‘Ani Waaqayyoon kan hin sodaanne yookiin nama kam iyyuu kan hin kabajne yoon taʼe illee, 5 dubartiin tun yeroo hunda dhuftee waan na rakkistuuf, ishiin dhuftee taaʼuu fi kaʼuu akka na hin dhowwineef haqa akka argattu nan godha.’”+ 6 Achiis Gooftaan akkana jedhe: “Abbaan murtii kun jalʼaa yoo taʼe iyyuu maal akka jedhe hubadhaa! 7 Maarree, Waaqayyo warra filatee fi halkanii fi guyyaa isatti iyyataniif haqa hin argamsiisuu?+ Kana malees inni obsa isaanitti ni argisiisa.+ 8 Ani isinitti nan hima, inni dafee akka isaan haqa argatan godha. Haa taʼu malee, Ilmi namaa yommuu dhufu, dhuguma lafa irratti amantii akkanaa* ni argataa laata?”
9 Namoota qajeelummaa ofii isaaniitti amanamanii fi warra kaan tuffatan tokko tokkottis fakkeenya kana hime: 10 “Namoonni lama kadhannaadhaaf gara mana qulqullummaa dhaqan; inni tokko Fariisii, inni tokko immoo nama qaraxa sassaabu ture. 11 Fariisichi dhaabbatee garaa isaatti akkana jedhee kadhachuu jalqabe: ‘Yaa Waaqayyo, ani akka namoota kaanii, jechuunis akka saamtotaa, akka jalʼootaa, akka ejjitootaa, akka nama qaraxa sassaabu kanaa illee waanan hin taaneef sin galateeffadha. 12 Torbanitti siʼa lama nan sooma; waanan argadhu hunda keessaas kurnoo nan kenna.’+ 13 Inni qaraxa sassaabu garuu fagoo kan dhaabbate yeroo taʼu, gara samii ilaaluuf illee hin onnanne; kanaa mannaa qoma isaa rurrukutaa, ‘Yaa Waaqayyo, ani cubbamaa dha, garaa naa laafi’+ jedhe. 14 Ani isinitti nan hima, namichi kun Fariisicha caalaa qajeelaa taʼee gara mana isaatti deebiʼe.+ Sababiin isaas, namni ol of qabu hundi ni salphifama; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol ni qabama.”+
15 Akka inni isaan qaqqabuufis namoonni daaʼimman gara isaatti fidan; barattoonni isaa garuu yommuu kana argan isaanitti dheekkamuu jalqaban.+ 16 Haa taʼu malee, Yesuus daaʼimman sana ofitti waamee akkana jedhe: “Mootummaan Waaqayyoo warra akkanaatiif waan taʼeef,+ ijoollee xixinnoon gara koo haa dhufan, isaan dhowwuuf hin yaalinaa. 17 Dhuguman isiniin jedha, namni Mootummaa Waaqayyoo akka mucaa xinnoo tokkootti hin simanne kam iyyuu matumaa itti hin galu.”+
18 Bulchitoota keessaa tokko, “Yaa Barsiisaa gaarii, jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?”+ jedhee isa gaafate. 19 Yesuusis akkana isaan jedhe: “Maaliif gaarii jettee na waamta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru.+ 20 Ajajawwan, ‘Hin ejjin,+ hin ajjeesin,+ hin hatin,+ sobaan ragaa hin baʼin,+ abbaa kee fi haadha tee kabaji’+ jedhan beekta.” 21 Namichis, “Isaan kana hundumaa ijoollummaa kootii jalqabee eegeera” jedhe. 22 Yesuus erga kana dhagaʼee booda, “Amma iyyuu wanti tokko si hafa: Wanta qabdu hunda gurguriitii maallaqa isaa hiyyeeyyiidhaaf hiri; samii irratti qabeenya ni argatta; sana booda kottuutii duuka buutuu koo taʼi”+ isaan jedhe. 23 Inni baayʼee sooressa waan tureef, yommuu kana dhagaʼu akka malee gadde.+
24 Yesuusis namicha ilaalee akkana jedhe: “Namoota maallaqa qabaniif Mootummaa Waaqayyootti galuun akkam rakkisaa dha!+ 25 Namni sooressi Mootummaa Waaqayyootti galuu mannaa, gaalli qaawwa lilmoo keessa hulluuquutu salphata.”+ 26 Warri kana dhagaʼanis, “Egaa eenyutu fayyuu dandaʼa ree?”+ jedhan. 27 Innis, “Wanti namootaaf hin dandaʼamne Waaqayyoof ni dandaʼama”+ jedhe. 28 Pheexiros garuu, “Kunoo, nuti wanta qabnu dhiisnee si duukaa buuneerra”+ jedhe. 29 Innis akkana isaaniin jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, namni Mootummaa Waaqayyootiif jedhee, mana yookiin haadha manaa yookiin obboloota yookiin warra yookiin ijoollee dhiisee,+ 30 yeroo ammaatti kana caalaa dachaa hedduu hin arganne, sirna* dhufu keessatti immoo jireenya bara baraa hin arganne hin jiru.”+
31 Achiis warra Kudha Lamaan kophaatti baasee akkana isaaniin jedhe: “Kunoo, gara Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; wanti Ilma namaa ilaalchisee karaa raajotaa barreeffame hundi ni raawwatama.+ 32 Fakkeenyaaf, inni saboota kaaniitti dabarfamee ni kennama,+ itti qoosama,+ rakkinni irra gaʼa, akkasumas itti tufama.+ 33 Erga isa garafanii booda isa ajjeesu;+ guyyaa sadaffaatti garuu duʼaa ni kaʼa.”+ 34 Haa taʼu malee, isaan wantoota kana keessaa tokko illee hin hubanne; sababiin isaas, hiikni isaanii isaan duraa dhokfamee ture; wantoonni dubbatamanis isaaniif hin galle.
35 Yommuu Yesuus Yerikootti dhihaatu, namni qaro dhabeessa taʼe tokko karaa qarqara taaʼee kadhata ture.+ 36 Inni namoonni hedduun achiin darbaa akka jiran waan dhagaʼeef, maaltu taʼaa akka jiru gaafate. 37 Isaanis, “Yesuus nama Naazireet sanatu darbaa jira!” jedhanii itti himan. 38 Yeroo kanatti inni, “Yaa Yesuus Ilma Daawit, garaa naa laafi!” jedhee iyye. 39 Warri fuuldura deemaa jiranis akka inni callisu itti himuudhaan isa ifachuu jalqaban; inni garuu, “Yaa Ilma Daawit, garaa naa laafi!” jedhee ittuma caalchisee iyye. 40 Achiis Yesuus dhaabbatee, namicha gara isaatti akka fidan ajaje. Yommuu namichi isa bira gaʼus Yesuus, 41 “Maal akkan siif godhu barbaadda?” jedhee isa gaafate. Innis, “Yaa Gooftaa, agartuun koo akka anaaf deebiʼu godhi” jedhe. 42 Kanaafuu Yesuus, “Agartuun kee siif haa deebiʼu; amantiin kee si fayyiseera”+ isaan jedhe. 43 Namichis agartuun isaa yeruma sana isaaf deebiʼe; achiis Waaqayyoon galateeffachaa isa duukaa buʼuu jalqabe.+ Namoonni hundis yommuu kana argan Waaqayyoon jajatan.+
19 Yesuus gara Yerikootti seenee achi keessa darbaa ture. 2 Yeroo kanatti namichi Zakkewoos jedhamu tokko achi ture; inni geggeessaa warra qaraxa sassaabanii fi sooressa ture. 3 Zakkewoos, namni Yesuus jedhamu kun eenyu akka taʼe ilaaluuf yaalii godhe; garuu gabaabaa waan taʼeef namoota hedduu achi jiraniin kan kaʼe isa arguu hin dandeenye. 4 Yesuus karaa sana irra darbaa waan tureef, isa ilaaluuf dursee fiigee muka harbuu tokko yaabe. 5 Yesuus yommuu bakka sana gaʼu ol jedhee isa ilaalee, “Zakkewoos, ani harʼa mana kee waanan ooluuf dafii gad buʼi” isaan jedhe. 6 Innis dafee gad buʼee gammachuudhaan keessummummaa isa simate. 7 Namoonni sun hundi yommuu kana argan, “Inni keessummummaadhaan mana cubbamaa kanaa deeme” jedhanii gunguman.+ 8 Zakkewoos garuu kaʼee dhaabbatee Gooftaadhaan, “Yaa Gooftaa, kunoo, qabeenya koo keessaa walakkaa isaa hiyyeeyyiidhaaf nan kenna; wantan eenyu irraa iyyuu saamee fudhadhe* hundumaas dachaa afur godhee nan deebisa”+ jedhe. 9 Yeroo kanatti Yesuus akkana isaan jedhe: “Innis ilma Abrahaam waan taʼeef, harʼa mana kanaaf fayyinni dhufeera. 10 Sababiin isaas, Ilmi namaa isa bade barbaaduu fi fayyisuuf dhufe.”+
11 Inni Yerusaalemitti dhihaatee waan tureef, isaanis Mootummaan Waaqayyoo yeruma sana mulʼata jedhanii waan yaadaniif,+ utuma isaan wantoota kana dhaggeeffachaa jiranii fakkeenya kan biraa isaanitti hime. 12 Kanaafuu akkana jedhe: “Namichi sanyii mootii taʼe tokko mootii taʼee deebiʼuuf gara biyya fagoo+ tokko dhaqe. 13 Garboota isaa keessaa kudhan ofitti waamee miinaa* kudhan isaanitti kennee, ‘Hangan dhufutti kanaan daldalaa’+ isaaniin jedhe. 14 Namoonni biyya isaa garuu isa waan jibbaniif, isa duubaan namoota erganii, ‘Namichi kun nu irratti mootii akka taʼu hin barbaannu’ jedhan.
15 “Yeroo booda inni mootii taʼee* yommuu deebiʼu, garboonni isaa warri inni maallaqa* itti kenne sun maallaqa sanaan daldalanii meeqa akka buufatan beekuuf isaan waame.+ 16 Kanaafuu, inni jalqabaa dhufee, ‘Yaa Gooftaa, miinaan kee miinaa kudhan dhaleera’+ jedhe. 17 Innis namichaan, ‘Garbicha gaarii nana, baʼeessa goote! Ati wanta baayʼee xinnoo taʼe irratti amanamaa waan taateef, magaalota kudhan irratti aangoon siif kennameera’+ jedhe. 18 Inni lammaffaanis dhufee, ‘Yaa Gooftaa, miinaan kee miinaa shan dhaleera’+ jedhe. 19 Isa kanaanis, ‘Atis magaalota shan bulchi’ jedhe. 20 Garbichi inni kan biraan garuu dhufee akkana jedhe: ‘Yaa Gooftaa, miinaan kee inni ani huccuudhaan maree dhoksee kaaʼe kunoo ti. 21 Ilaa, ati nama hamaa waan taateef sin sodaadhe; ati wanta hin keenye ni fudhatta, wanta hin facaafannes ni haammatta.’+ 22 Innis akkana isaan jedhe: ‘Garbicha hamaa nana, wantuma ati dubbatteenan sitti murteessa. Ani nama hamaa wantan hin keenye fudhadhu, wantan hin facaafannes haammadhu taʼuu koo beekta turtee?+ 23 Maarree, maallaqa* koo maaliif warra maallaqa jijjiiran bira naaf hin keenye? Silaa yommuun deebiʼee dhufu dhala isaa wajjin nan fudhadhan ture.’
24 “Yeroo kanatti warra achi dhaabbataniin, ‘Miinaa sana irraa fuudhaatii isa miinaa kudhan qabu sanaaf kennaa’+ jedhe. 25 Isaan garuu, ‘Yaa Gooftaa, inni miinaa kudhan qabaam!’ isaan jedhan. 26 Innis akkana jedhee isaaniif deebise: ‘Ani isiniin nan jedha, isa qabu hundaaf dabalataan ni kennama; isa hin qabne irraa garuu wanti inni qabu iyyuu ni fudhatama.+ 27 Kana malees, diinota koo warra mootii akkan isaan irratti taʼu hin barbaanne sana fidaatii fuula koo duratti ajjeesaa.’”
28 Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda, gara Yerusaalem deemuu isaa itti fufe. 29 Beetafaagee fi Bitaaniyaa warra Gaara Ejersaa+ biratti argamanitti yommuu dhihaatu, barattoota isaa keessaa lama erge;+ 30 akkana isaaniin jedhe: “Ganda fuula keessan duraa mulʼattu sana dhaqaa; erga itti seentanii boodas, ilmoon harree namni irra taaʼee hin beekne tokko hidhamtee argitu. Hiikaatii as fidaa. 31 Eenyu iyyuu, ‘Maaliif hiiktu?’ jedhee yoo isin gaafate garuu, ‘Gooftaatu barbaada’ jedhaa.” 32 Warri ergaman sunis dhaqanii akkuma inni isaaniin jedhe ilmoo harree sana argatan.+ 33 Yommuu isaan ilmoo harree sana hiikan garuu, warri harree sanaa, “Ilmoo harree kana maaliif hiiktu?” isaaniin jedhan. 34 Isaanis, “Gooftaatu barbaada” jedhan. 35 Achiis gara Yesuusitti fidan; uffata isaanii dugda ilmoo harree sanaa irra buusanii Yesuusiin irra kaaʼan.+
36 Utuu inni deemaa jiruus namoonni uffata isaanii karaa irra afu turan.+ 37 Achiis daandii Gaara Ejersaa irraa gad buusutti akkuma dhihaateen, barattoonni isaa hundi dinqiiwwan argan hundumaatiin kan kaʼe, gammaduu fi sagalee isaanii guddisanii Waaqayyoon jajachuu jalqaban; 38 “Mootiin maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha! Nagaan samii irratti, ulfinnis ol gubbaa irratti haa taʼu!”+ jedhu turan. 39 Fariisota namoota sana gidduu turan keessaa tokko tokko garuu, “Yaa Barsiisaa, barattoota keetti dheekkami” isaan jedhan.+ 40 Inni garuu deebisee, “Ani isinitti nan hima, isaan kun yoo callisan illee dhagoonni ni iyyu” jedhe.
41 Yommuu magaalattiitti dhihaatus ishii ilaalee booʼeef;+ 42 akkana jedhe: “Ati, eeyyee, atumti, wantoota nagaa siif argamsiisan guyyaa kanatti utuu hubattee gaarii ture; amma garuu isaan ija kee duraa dhokfamaniiru.+ 43 Sababiin isaas, guyyaan diinonni kee sitti dhufanii, muka qara qabuun naannoo keetti dallaa ijaaranii sitti marsanii fi kallattii hundumaatiin itti si dhiphisan ni dhufa.+ 44 Isaan sii fi ijoollee kee warra si keessa jiran lafatti dabalu;+ ati yeroo itti qoratamte waan hin hubanneef, isaan si keessatti dhagaa dhagaa irratti hin dhiisan.”+
45 Achiis mana qulqullummaa seenee, warra gurguraa turan achi keessaa ariʼe;+ 46 “‘Manni koo mana kadhannaa taʼa’+ jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gootan”+ isaaniin jedhe.
47 Inni guyyuma guyyaadhaan mana qulqullummaa keessatti barsiisuu isaa itti fufe. Dura buutonni lubootaa, barsiisonni seeraa fi geggeessitoonni sabichaa garuu isa ajjeesuu barbaadu turan;+ 48 haa taʼu malee, namoonni hundi isa dhaggeeffachuuf jedhanii isa biraa waan hin dhabamneef,+ karaa kana itti godhan tokko illee hin arganne.
20 Gaaf tokko Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti namoota barsiisaa fi misiraachoo lallabaa jiruu, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa maanguddootaa wajjin dhufanii, 2 “Nutti himi, aangoo maaliitiin wantoota kana hojjetta? Yookiin aangoo kana kan sii kenne eenyu?”+ isaan jedhan. 3 Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Mee anis gaaffii tokkon isin gaafadha; isinis naa deebisaa: 4 Cuuphaan Yohaannis samii irraa moo nama biraa dhufe?”* 5 Isaanis akkana jedhanii walitti dudubbachuu jalqaban: “‘Samii irraa ti’ yoo jenne, ‘Maaliif isa hin amanne ree?’ nuun jedha. 6 ‘Nama biraa ti’ yoo jenne garuu, namoonni hundi Yohaannisiin raajii taʼuu isaa waan amananiif+ dhagaadhaan nu tumu.” 7 Kanaafuu, isaan madda isaa akka hin beekne dubbatan. 8 Yesuusis, “Anis wantoota kana aangoo maaliitiin akkan hojjedhu isinitti hin himu” isaaniin jedhe.
9 Achiis fakkeenya kana namoota sanatti dubbachuu jalqabe: “Namichi tokko wayinii+ dhaabee, qonnaan bultootaaf kireessee yeroo dheeraadhaaf gara biyya fagoo tokko dhaqe.+ 10 Waqtiin isaa yommuu gaʼu, firii wayinichaa keessaa muraasa akka isaaf kennan garbicha tokko gara qonnaan bultoota sanaatti erge. Qonnaan bultoonni sun garuu, erga isa reebanii booda harka duwwaa isa ariʼan.+ 11 Inni ammas garbicha kan biraa isaanitti erge. Isaan garuu isa kanas reebanii, salphisanii harka duwwaa ariʼan. 12 Ammas garbicha isa sadaffaa erge; isa kana immoo erga madeessanii booda gad isa darbatan. 13 Yeroo kanatti abbaan wayinichaa, ‘Maal gochuu naa wayya? Ilma koo isa jaallatamaa+ nan erga. Tarii isa ni kabaju taʼa’ jedhe. 14 Qonnaan bultoonni sunis yommuu isa argan, ‘Dhaaltichi isa kana. Dhaalli isaa kan keenya akka taʼuuf, kottaa, isa ajjeesna!’ waliin jedhan. 15 Kanaafuu, isaan maasii wayinichaa keessaa gad baasanii isa ajjeesan.+ Maarree, abbaan maasii wayinichaa maal isaan godha? 16 Inni dhufee qonnaan bultoota sana ajjeesa; maasii wayinii isaas namoota kan birootti kennata.”
Isaan yommuu kana dhagaʼan, “Kun matumaa hin taʼin!” jedhan. 17 Yesuus garuu gara isaanii ilaalaa akkana jedhe: “Maarree, ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe’+ jedhamee inni barreeffame maal jechuu dha? 18 Namni dhagaa kana irratti kufu hundi ni caccaba.+ Namni dhagichi isa irratti kufu kam iyyuu ni hurraaʼa.”
19 Yeroo kanatti barsiisonni seeraa fi dura buutonni lubootaa fakkeenya kana kan dubbate isaaniin yaadatti qabatee akka taʼe waan hubataniif, yeruma sana isa qabuu barbaadan; taʼus, namoota sana sodaatan.+ 20 Xiyyeeffannaadhaan isa hordofaa erga turanii booda, wanta inni dubbatuun kiyyootti isa galchuuf namoota qajeeloo fakkaatanii itti dhihaatan dhoksaadhaan itti bitanii isatti ergan;+ kanas kan godhan, mootummaa fi aangoo bulchaa biyyattiitti dabarsanii isa kennuuf ture. 21 Isaanis akkana jedhanii isa gaafatan: “Barsiisaa, ati wanta sirrii taʼe akka dubbattuu fi akka barsiistu, akka hin loogne, kanaa mannaa, daandii Waaqayyoo dhugaadhaan akka barsiistu beekna. 22 Qeesaariif gibira kaffaluun keenya sirrii dha moo sirrii miti?” 23 Inni garuu haxxummaa isaanii beekee, 24 “Mee dinaaree* tokko natti argisiisaa. Fakkiinii fi barreeffamni as irra jiru kan eenyuu ti?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Kan Qeesaar” jedhan. 25 Innis, “Egaa, wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif,+ wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof deebisaa kennaa”+ isaaniin jedhe. 26 Isaan namoota duratti dubbii isaatiin kiyyoo keessa isa galchuu hin dandeenye; kanaa mannaa, deebii isaa dinqisiifatanii calluma jedhan.
27 Haa taʼu malee, Saduuqota warra duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan+ keessaa tokko tokko dhufanii akkana jedhanii isa gaafatan:+ 28 “Barsiisaa, Museen, ‘Obboleessi nama tokkoo utuu dhala hin godhatin haadha manaa isaa dhiisee yoo duʼe, obboleessi isaa ishii fuudhee inni sanyii akka qabaatu haa godhu’+ jedhee nuu barreesseera. 29 Obbolaan torba jiru turan. Inni jalqabaa haadha manaa fuudhee utuu dhala hin godhatin duʼe. 30 Kanaafuu, inni lammaffaan, 31 achiis inni sadaffaan ishii fuudhan. Akka kanaan torban isaanii iyyuu ishii fuudhanii utuu dhala hin godhatin duʼan. 32 Dhuma irrattis dubartittiin ni duute. 33 Kanaafuu, torban isaanii ishii fuudhanii waan turaniif, yeroo duʼaa kaʼuutti haadha manaa isa kamii taati?”
34 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Ijoolleen sirna* kanaa ni fuudhu, ni heerumus; 35 warri sirna sana argachuu fi duʼaa kaʼuun isaaniif malu garuu hin fuudhan, hin heerumanis.+ 36 Isaan akka maleekotaa waan taʼaniif sana booda duʼuu hin dandaʼan; ijoollee duʼaa kaʼuu waan taʼaniifis ijoollee Waaqayyoo ti. 37 Warri duʼan akka duʼaa kaʼan garuu, Museen iyyuu seenaa waaʼee harangamaa bobaʼuu dubbatu keessatti, ‘Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’+ jedhee Yihowaa* waamuudhaan ifa godheera. 38 Hundi isaanii isaaf* jiraatoo waan taʼaniif, inni Waaqa warra jiraatoo ti malee, Waaqa warra duʼanii miti.”+ 39 Yeroo kanatti barsiisota seeraa keessaa tokko tokko, “Barsiisaa, dhugaa jette” jedhan. 40 Isaan sana booda gaaffii tokko illee isa gaafachuuf hin onnanne.
41 Innis akkana jedhee isaan gaafate: “Namoonni akkamitti Kiristoosiin ilma Daawit jedhu?+ 42 Daawit kitaaba Faarfannaa keessatti akkana jedheera: ‘Yihowaan* Gooftaa kootiin, “Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti 43 mirga koo taaʼi”+ jedheera.’ 44 Kanaafuu, Daawit Gooftaa jedhee isa waameera; maarree, inni akkamitti ilma isaa taʼa?”
45 Achiis utuma namoonni sun hundi isa dhagaʼanii barattoota isaatiin akkana jedhe: 46 “Barsiisota seeraa irraa of eegaa; isaan uffata dhedheeraa uffatanii naannaʼuu fi iddoo gabaatti nagaa gaafatamuu jaallatu; mana sagadaa keessatti fuuldura,* affeerraa irbaataa irrattis bakka filatamaa taaʼuu jaallatu;+ 47 mana* dubartoota abbaan manaa irraa duʼee ni onsu; argisiifachuuf* jedhaniis kadhannaa isaanii dheeressu. Isaan warra kaan caalaa adabamu.”
21 Yesuus ol jedhee yommuu ilaalu, namoonni sooreyyiin kennaa isaanii saanduqawwan buusii keessa utuu buusanii arge.+ 2 Achiis dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko saantima xixinnoo gatii gad aanaa qaban* lama yommuu buustu arge;+ 3 yeroo kanatti akkana jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tun hunda isaanii caalaa buuste.+ 4 Sababiin isaas, hundi isaanii wanta isaan irraa hafe buusan; ishiin garuu hiyyeettii taatus wanta ittiin jiraattu hundumaa+ buuste.”
5 Boodas namoonni tokko tokko manni qulqullummaa dhagoota babbareedoo fi wantoota Waaqayyoof murteeffamaniin akkamitti akka miidhagfame yommuu dubbatan,+ 6 Yesuus, “Wanti isin amma ilaaltan kun hundi guyyaan itti diigamu ni dhufa; dhagaan dhagaa irra akka kaaʼametti hin hafu”+ jedhe. 7 Isaanis, “Barsiisaa, wantoonni kun yoom raawwatamu? Wantoonni kun yoom akka raawwataman mallattoon argisiisu hoo maali dha?”+ jedhanii isa gaafatan. 8 Innis akkana jedhe: “Akka hin dogoggorfamne of eeggadhaa;+ sababiin isaas, namoonni hedduun, ‘Ani isa dha’ akkasumas, ‘Yerichi dhihaateera’ jedhanii maqaa kootiin ni dhufu. Isin garuu isaan duukaa hin buʼinaa.+ 9 Kana malees waaʼee waraanaa fi waaʼee jeequmsaa yommuu dhageessan hin sodaatinaa. Sababiin isaas, wantoonni kun jalqaba taʼuu qabu, dhumni sirnichaa garuu yeruma sana hin dhufu.”+
10 Achiis akkana isaaniin jedhe: “Sabni saba irratti,+ mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa.+ 11 Kirkirri lafaa guguddaan ni taʼa; bakka garaa garaattis hanqinni nyaataa fi golfaan ni jiraata;+ wantoonni nama sodaachisan ni mulʼatu, samii irrattis mallattoowwan guguddaan ni taʼu.
12 “Wantoonni kun hundi taʼuu isaanii dura garuu, namoonni isin qabu, isin ariʼatu,+ akkasumas manneen sagadaa fi manneen hidhaatti dabarsanii isin kennu. Maqaa kootiif jettaniis moototaa fi bulchitoota duratti ni dhiheeffamtu.+ 13 Kunis akka dhugaa baatan carraa isiniif bana. 14 Kanaafuu, akkamitti akka falmattan dursitanii qophaaʼuun akka isin hin barbaachisne garaa keessanitti qabadhaa;+ 15 sababiin isaas, ani dubbii fi ogummaa mormitoonni keessan hundi dura dhaabbachuu yookiin falmuu hin dandeenye+ isiniif nan kenna. 16 Kana malees, warri keessan, obboloonni keessan, firoottanii fi michoonni keessan illee dabarsanii isin kennu;* isin keessaa tokko tokko ni ajjeesu;+ 17 Maqaa kootiin kan kaʼe nama hundumaa biratti ni jibbamtu.+ 18 Taʼus, rifeensi mataa keessanii tokko illee hin badu.+ 19 Jabaattanii dhaabbachuudhaan lubbuu keessan ni oolfattu.+
20 “Haa taʼu malee, Yerusaalem loltootaan marfamtee yommuu argitan,+ yeroo sana badiisni ishii akka dhihaate beekaa.+ 21 Yeroo sanatti warri Yihudaa keessa jiran gara gaarotaatti haa baqatan;+ warri ishii gidduu jiran ishii keessaa haa baʼan; warri baadiyyaa jiranis ishiitti hin seenin; 22 sababiin isaas, wantoonni barreeffaman hundi akka raawwatamaniif, guyyoonni sun yeroo Waaqayyo murtii haqaa itti dabarsu dha.* 23 Guyyoota sanatti dubartoota ulfaa fi dubartoota hoosisaniif wayyoo!+ Sababiin isaas, biyyattii irratti dhiphinni guddaan, saba kana irrattis dheekkamsi ni dhufa. 24 Isaan qara goraadeetiin ni ajjeefamu; boojiʼamaniis gara saboota hundumaatti ni geeffamu;+ hanga barri sabootaaf* murteeffame raawwatamutti Yerusaalem sabootaan* ni dhidhiitamti.+
25 “Kana malees, aduu, addeessaa fi urjiilee irratti mallattoowwan ni taʼu;+ lafa irrattis huursaa fi jeequmsa galaanaatiin kan kaʼe, saboonni karaa itti keessaa baʼan wallaalanii baayʼee dhiphatu. 26 Humnoonni samii waan raafamaniif, namoonni wantoota addunyaatti dhufan sodaachuu fi eeguudhaan kan kaʼe ni gaggabu. 27 Yeroo sanatti Ilmi namaa+ humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa samiitiin yommuu dhufu ni argu.+ 28 Haa taʼu malee, wantoonni kun taʼuu yommuu jalqaban, fayyinni keessan waan dhihaateef, kaʼaa dhaabbadhaa, mataa keessanis ol qabadhaa.”
29 Sana booda fakkeenya tokko isaanitti hime: “Muka harbuu fi mukeetii kaan hundumaa ilaalaa.+ 30 Yeroo isaan latanitti ofuma keessanii ilaaltanii bonni akka dhihaate ni beektu. 31 Haaluma wal fakkaatuun isinis wantoonni kun raawwatamuu isaanii yommuu argitan, Mootummaan Waaqayyoo akka dhihaate beekaa. 32 Dhuguman isiniin jedha, wantoonni hundi hamma raawwatamanitti, dhaloonni kun matumaa hin darbu.+ 33 Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu matumaa hin darbu.+
34 “Haa taʼu malee, garmalee nyaachuu, garmalee dhuguu+ fi yaaddoo jireenyaatiin matumaa garaa keessanitti baʼaan akka hin ulfaanne of eeggadhaa;+ taʼuu baannaan garuu, utuu isin hin yaadin guyyaan sun akkuma tasaa, 35 akkuma kiyyootti isinitti dhufa.+ Sababiin isaas, guyyaan sun namoota guutummaa lafaa irra jiraatan hundumaa irratti ni dhufa. 36 Kanaafuu, wantoota taʼuu qaban kana hunda jalaa baʼuu fi Ilma namaa dura dhaabbachuu akka dandeessaniif,+ dammaqaa eegaa,+ yeroo hundumaas wawwaannaa dhiheessaa.”+
37 Yesuus guyyaa guyyaa mana qulqullummaatti barsiisa, halkan halkan immoo baʼee Gaara Ejersaa irra bula ture. 38 Namoonni hundi isa dhaggeeffachuuf ganama bariidhaan gara mana qulqullummaa dhufu turan.
22 Ayyaanni Maxinoo inni Faasikaa+ jedhamu dhihaatee ture.+ 2 Dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa namoota waan sodaataniif, Yesuusiin ajjeesuuf+ karaa mijaaʼaa taʼe barbaadaa turan.+ 3 Yeroo kanatti Seexanni, Yihudaa isa Asqoroticha jedhamuu fi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼee lakkaaʼametti gale;+ 4 innis akkamitti dabarsee isaanitti akka isa kennu, dhaqee dura buutota lubootaa fi dura buutota eegdota mana qulqullummaa wajjin mariʼate.+ 5 Isaanis kanatti gammadanii maallaqa meetii isaaf kennuuf walii galan.+ 6 Kanaafuu, inni kanatti walii galee bakka namoonni hedduun hin jirretti dabarsee isa kennuuf carraa gaarii barbaaduu jalqabe.
7 Guyyaan Ayyaana Maxinoo aarsaan Faasikaa itti dhihaatu ni gaʼe;+ 8 Kanaafuu Yesuus, “Dhaqaa, Faasikaa akka nyaannuuf nuu qopheessaa”+ jedhee Pheexirosii fi Yohaannisiin erge. 9 Isaanis, “Eessatti akka qopheessinu barbaadda?” isaan jedhan. 10 Innis akkana isaaniin jedhe: “Kunoo, gara magaalaatti yommuu seentan namichi okkotee bishaanii baate tokko isinitti dhufa. Isa duukaa buʼaatii mana namichi itti seenu sana dhaqaa.+ 11 Abbaa manichaatiinis, ‘Barsiisaan, “Kutaan keessummaa ani barattoota koo wajjin Faasikaa itti nyaadhu eessa?” siin jedheera’ jedhaa. 12 Namichis kutaa balʼaa fooqii irraa wanta barbaachisuun guutame isinitti argisiisa. Achitti qopheessaa.” 13 Kanaafuu, isaan deemanii akkuma inni isaaniin jedhe taʼee argan; Faasikaas ni qopheessan.
14 Kanaafuu, inni yeroo saʼaatichi gaʼu ergamootaa+ wajjin maaddiitti dhihaate. 15 Inni akkana isaaniin jedhe: “Dhiphinni ana irra gaʼuu isaa dura, Faasikaa kana isinii wajjin nyaachuuf baayʼee hawwaan ture; 16 ani isinitti nan hima, wantoonni hundi Mootummaa Waaqayyoo keessatti hanga raawwii isaanii argatanitti lammata Faasikaa hin nyaadhu.” 17 Xoofoo fuudhee erga galateeffatee booda akkana jedhe: “Kana fudhadhaa, hundi keessan wal harkaa fuudhaa dhugaa; 18 ani isinitti nan hima, ammaa jalqabee hanga Mootummaan Waaqayyoo dhufutti lammata wayinii hin dhugu.”
19 Akkasumas maxinoo+ fuudhee erga galateeffatee booda caccabsee isaaniif kennuudhaan, “Kun foon koo+ isa isiniif kennamu+ argisiisa. Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa”+ jedhe. 20 Irbaata erga nyaatanii booda xoofoo sanas fuudhee akkasuma godhe; achiis akkana jedhe: “Xoofoon kun kakuu haaraa+ dhiiga koo+ isa isiniif dhangalaʼuun+ hundeeffamu argisiisa.
21 “Garuu kunoo, harki isa dabarsee na kennu sanaa anaa wajjin maaddii irra jira.+ 22 Ilmi namaa akkuma dursee murteeffametti karaa isaa ni deema;+ nama karaa isaa inni dabarfamee kennamu sanaaf garuu wayyoo!”+ 23 Kanaafuu, isaan namni isaan keessaa kana gochuuf jedhu eenyu akka taʼe wal gaggaafachuu jalqaban.+
24 Kana malees, isaan keessaa inni hundumaa irra caalu eenyu akka taʼe ilaalchisee gidduu isaaniitti falmii guddaan ni kaʼe.+ 25 Yesuus garuu akkana isaaniin jedhe: “Mootonni sabootaa gooftolii isaan irratti taʼu; warri isaan irratti aangoo qabanis Gargaartota Sabaa jedhamu.+ 26 Isin garuu akkana hin taʼinaa.+ Kanaa mannaa isin keessaa inni hunda irra caalu, akka isa quxisuu hundumaa haa taʼu;+ inni dura buʼaa taʼes akka tajaajilaa haa taʼu. 27 Isa kamtu caala? Isa maaddiitti dhihaatee jiru moo isa tajaajilu? Isa maaddiitti dhihaate mitii ree? Ani garuu isin gidduutti akka isa tajaajilu sanaa ti.+
28 “Haa taʼu malee, isin qorumsa koo+ keessatti ana irraa adda hin baane;+ 29 akkuma Abbaan koo anaa wajjin kakuu gale, anis isinii wajjin kakuu mootummaa nan gala;+ 30 kunis Mootummaa koo keessatti maaddii koo irraa akka nyaattanii fi akka dhugdan,+ akkasumas teessoowwan irra teessanii+ gosoota Israaʼel 12n irratti akka murteessitaniifi.+
31 “Yaa Simoon, yaa Simoon, kunoo, Seexanni hunda keessan akka qamadiitti gingilchuuf gaafateera.+ 32 Ani garuu amantiin kee akka hin badne wawwaannaa siif dhiheesseera;+ atis yommuu deebitu obboloota kee jajjabeessi.”+ 33 Yeroo kanatti inni, “Yaa Gooftaa, ani sii wajjin hidhamuufis taʼe duʼuuf qophaaʼaa dha”+ isaan jedhe. 34 Yesuus garuu, “Ani siin nan jedha, yaa Pheexiros, harʼa kormaan indaaqqoo iyyuu isaa dura, ‘Isa hin beeku’ jettee siʼa sadii na ganta”+ jedhe.
35 Kana malees, “Boorsaa maallaqaa, korojoo nyaataa fi kophee malee yommuun isin ergetti+ wanti isinitti hirʼate jira turee?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Lakki!” jedhan. 36 Achiis akkana isaaniin jedhe: “Amma garuu inni boorsaa maallaqaas taʼe inni korojoo nyaataa qabu haa qabatu; inni goraadee hin qabnes uffata isaa gurguree goraadee haa bitatu. 37 Ani isinitti nan hima, ‘Inni hamootaa wajjin lakkaaʼame’+ jedhamee wanti barreeffame ana irratti raawwatamuu qaba. Sababiin isaas, wanti waaʼee koo dubbatame kun raawwatamaa jira.”+ 38 Yeroo kanatti isaan, “Yaa Gooftaa, kunoo, goraadeen lama jira” jedhan. Innis, “Gaʼaa dha” isaaniin jedhe.
39 Achii baʼees akkuma amala isaa gara Gaara Ejersaa deeme; barattoonni isaas isa duukaa buʼan.+ 40 Bakka sana yommuu gaʼan, “Qorumsatti akka hin galle kadhachuu keessan itti fufaa”+ isaaniin jedhe. 41 Achiis hanga darbannaa dhagaa isaan irraa fagaatee jilbeenfatee akkana jedhee kadhachuu jalqabe: 42 “Yaa Abbaa, yoo fedhii kee taʼe xoofoo kana na irraa fageessi. Taʼus fedhiin koo utuu hin taʼin, fedhiin kee haa taʼu.”+ 43 Yeroo kanatti maleekaan tokko samii irraa isatti mulʼatee isa jajjabeesse.+ 44 Inni garuu garmalee waan dhiphateef isa duraa caalaa cimsee kadhachuu isaa itti fufe;+ dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafa irratti coccophe. 45 Kadhannaa isaa xumuree yommuu gara barattoota isaa dhaqus, isaan gadda irraa kan kaʼe waan dadhabaniif rafanii isaan arge.+ 46 Achiis, “Maaliif raftu? Kaʼaa, qorumsatti akka hin galle kadhachuu keessan itti fufaa”+ isaaniin jedhe.
47 Utuma inni kana dubbachaa jiruu, kunoo, namichi Yihudaa jedhamuu fi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe namoota hedduu fidee dhufe; achiis inni Yesuusiin dhungachuuf isatti siqe.+ 48 Yesuus garuu, “Yaa Yihudaa, Ilma namaa dhungachuudhaan dabarsitee kennitaa?” isaan jedhe. 49 Namoonni isa bira turanis wanta taʼuuf jedhu yommuu argan, “Yaa Gooftaa, goraadeedhaan isaan rukunnuu?” jedhan. 50 Isaan keessaa tokko gurra mirgaa garbicha luba ol aanaa rukutee isa irraa kute.+ 51 Yesuus garuu, “Dhiisi” jedhe. Namichas gurra isaa qaqqabee fayyise. 52 Yeroo kanatti Yesuus dura buutota lubootaa, dura buutota eegdota mana qulqullummaa fi maanguddoota isa qabuu dhufaniin akkana jedhe: “Akka nama saamtuu qabuutti goraadee fi ulee qabattanii dhuftanii?+ 53 Guyyuma guyyaadhaan yommuun isinii wajjin mana qulqullummaa keessa ture+ isin na hin qabne.+ Haa taʼu malee, kun saʼaatii keessanii fi saʼaatii dukkanni itti moʼu dha.”+
54 Achiis isa qabanii fuudhanii deeman;+ gara mana luba ol aanaattis isa geessan; Pheexiros garuu irraa fagaatee isa duukaa buʼa ture;+ 55 Yeroo isaan mooraa sana walakkaatti ibidda qabsiisanii waliin taaʼan, Pheexirosis isaan gidduu taaʼee ture.+ 56 Haa taʼu malee, tajaajiltuun takka utuu inni ibidda qaqqaammatuu hubattee isa ilaaltee, “Namichi kunis isaa wajjin ture” jette. 57 Inni garuu, “Dubartii nana, ani isa hin beeku” jedhee gane. 58 Yeroo muraasa boodas namni kan biraan tokko isa argee, “Atis isaan keessaa tokko dha” jedhe. Pheexiros garuu “Namicha nana, ani isaan keessaa tokko miti”+ jedhe. 59 Gara saʼaatii tokkoo boodas namni kan biraan tokko, “Inni nama Galiilaa waan taʼeef, dhuguma namichi kun isaa wajjin ture!” jedhee cimsee dubbachuu jalqabe. 60 Pheexiros garuu, “Namicha nana, ani wanta ati dubbachaa jirtu hin beeku” jedhe. Utuma inni kana dubbachaa jiruu yeruma sana kormaan indaaqqoo ni iyye. 61 Yeroo kanatti Gooftaan garagalee Pheexirosiin ilaale; Pheexirosis wanta Gooftaan, “Harʼa kormaan indaaqqoo iyyuu isaa dura, siʼa sadii na ganta” jedhee isatti dubbate sana yaadate.+ 62 Achiis gad baʼee hirqinfatee booʼe.
63 Namoonni Yesuusiin eegaa turan sunis isa rukutaa itti qoosuu+ jalqaban;+ 64 fuula isaa haguuganii, “Mee raajii dubbadhu! Eenyutu si rukute?” jedhanii isa gaafatu turan. 65 Wanta kan biraa hedduu jedhaniis isa arrabsu turan.
66 Yommuu bariʼus, yaaʼiin maanguddoota sabichaa, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa walitti qabamanii+ gara galma yaaʼii Saanhedriinitti isa geessanii, 67 “Ati Kiristoos yoo taate nutti himi”+ isaan jedhan. Inni garuu akkana isaaniin jedhe: “Utuman isinitti himee illee, isin matumaa hin amantan. 68 Kana malees, utuun isin gaafadhee iyyuu hin deebistan. 69 Haa taʼu malee, ammaa jalqabee Ilmi namaa+ mirga Waaqa isa humna qabeessa taʼe sanaa ni taaʼa.”+ 70 Yeroo kanatti hundi isaanii, “Maarree, ati Ilma Waaqayyoo tii?” jedhan. Innis, “Akkan taʼe isinumti iyyuu dubbachaa jirtu” isaaniin jedhe. 71 Isaanis, “Kana caalaa ragaa dabalataa maaliitu nu barbaachisa? Ofii keenyaa iyyuu afaan isaa irraa dhageenyeerra”+ jedhan.
23 Kanaafuu, namoonni walitti qabaman sun hundi kaʼanii Yesuusiin gara Philaaxositti geessan.+ 2 Achiis, “Namichi kun saba keenya utuu karaa irraa jalʼisuu, Qeesaariif gibira akka hin kaffalle utuu dhowwuu+ fi inni Kiristoos mooticha+ akka taʼe utuu dubbatuu isa arganne” jedhanii isa himachuu jalqaban.+ 3 Yeroo kanatti Philaaxos, “Ati Mootii Yihudootaa tii?” jedhee isa gaafate. Innis, “Atumti iyyuu jette kaa”+ jedhee isaaf deebise. 4 Philaaxosis dura buutota lubootaa fi namoota sanaan, “Ani namicha kana irratti yakka tokko illee hin arganne”+ jedhe. 5 Isaan garuu, “Inni Galiilaadhaa jalqabee hanga asiitti, guutummaa Yihudaa keessatti barsiisuudhaan namoota kakaasaa jira” jedhanii cimsanii dubbatan. 6 Philaaxos yommuu kana dhagaʼu, inni nama Galiilaa taʼuu isaa gaafate. 7 Nama bulchiinsa Heroodis+ keessa jiraatu taʼuu isaa erga mirkaneeffatee boodas, gara Heroodis isa yeroo sana Yerusaalem keessa turetti isa erge.
8 Heroodis Yesuusiin yommuu argu baayʼee gammade. Sababiin isaas, inni waaʼee isaa wanta hedduu waan dhagaʼeef,+ yeroo dheeraadhaaf Yesuusiin arguu barbaada ture; yommuu inni dinqiiwwan tokko tokko hojjetus arguuf hawwaa ture. 9 Kanaafuu, gaaffii hedduu isa gaafachuu jalqabe; inni garuu deebii tokko illee isaaf hin kennine.+ 10 Dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa garuu, achuma dhaabbatanii cimsanii isa himachuu isaanii itti fufan. 11 Achiis Heroodis loltoota isaa wajjin taʼee isa salphise;+ uffata bareedaa itti uwwisuudhaan erga isatti qoosee+ booda deebisee gara Philaaxositti isa erge. 12 Heroodisii fi Philaaxos sana dura diina walii kan turan taʼus, guyyaa sanatti michuu walii taʼan.
13 Achiis Philaaxos dura buutota lubootaa, bulchitootaa fi namoota kaan walitti waamee 14 akkana isaaniin jedhe: “Isin namoota fincilaaf kakaasaa jira jettanii namicha kana natti fiddaniittu. Kunoo, ani isin duratti isa qoreera; garuu himata isin nama kana irratti dhiheessitaniif wanta buʼuura taʼu tokko illee hin arganne.+ 15 Heroodis iyyuu homaa waan isa irratti hin arganneef gara keenyatti deebisee isa ergeera; namichi kun wanta isa ajjeesisu tokko illee hin raawwanne. 16 Kanaafuu, adabeen+ isa gadhiisa.” 17* —— 18 Namoonni sun hundi garuu, “Namicha kana ajjeesi; Barbaaniin nuu gadhiisi!”+ jedhanii iyyan. 19 (Barbaan mana hidhaa kan gale, fincila magaalattii keessatti mootummaa irratti kaʼe irratti waan hirmaatee fi waan nama ajjeeseef ture.) 20 Philaaxos Yesuusiin gadhiisuu waan barbaadeef, ammas sagalee isaa ol kaasee namoota sanatti dubbate.+ 21 Isaan garuu, “Isa fannisi! Isa fannisi!”* jedhanii iyyuu jalqaban.+ 22 Innis yeroo sadaffaadhaaf, “Maaliif? Namichi kun balleessaa maalii raawwate? Ani wanta isa ajjeesisu tokko illee isa irratti hin arganne; kanaafuu, adabeen isa gadhiisa” isaaniin jedhe. 23 Isaan garuu sagalee isaanii ol kaasanii akka inni ajjeefamu* cimsanii gaafatan; innis iyya isaaniitiin ni moʼame.+ 24 Kanaafuu, Philaaxos wanti isaan gaafatan akka raawwatamu murteesse. 25 Namicha isaan gaafatan, jechuunis nama mootummaa irratti fincila kakaasuudhaan, akkasumas sababii ajjeechaatiin mana hidhaa gale sana gadhiisee, Yesuusiin immoo wanta barbaadan akka irratti raawwataniif dabarsee isaanitti kenne.
26 Utuu Yesuusiin fuudhanii deemaa jiraniis, namni biyya Qareenaa Simoon jedhamu tokko baadiyyaadhaa utuu dhufuu qabanii muka dhiphinaa* sana Yesuus duubaan baatee akka deemu godhan.+ 27 Yeroo kanatti dubartoota gaddaan qoma isaanii rurrukutanii fi isaaf booʼan dabalatee, namoonni hedduun isa duukaa buʼaa turan. 28 Yesuusis dubartoota sanatti garagalee akkana jedhe: “Yaa ijoollee durbaa Yerusaalem, anaaf booʼuu dhiisaatii, ofii keessanii fi ijoollee keessaniif booʼaa;+ 29 sababiin isaas, yeroon namoonni, ‘Dubartoonni dhabduu* taʼan, kan daʼanii hin beeknee fi kan hoosisanii hin beekne gammadoo dha’+ itti jedhan ni dhufa. 30 Yeroo sanatti isaan gaarotaan, ‘Nu irratti jigaa!’ tabbawwaniinis, ‘Nu dhoksaa!’ jechuu jalqabu.+ 31 Utuu mukichi jiidhaa taʼee jiruu wantoota kana yoo godhan, yeroo mukichi gogutti immoo maaltu taʼa laata?”
32 Yakkamtoonni lamas isaa wajjin ajjeefamuuf geeffamaa turan.+ 33 Yeroo bakka Buqqee Mataa+ jedhamu gaʼanittis isa tokko karaa mirga isaa, isa tokko immoo karaa bitaa isaa godhanii yakkamtoota sanaa wajjin muka irratti isa fannisan.+ 34 Yesuus garuu, “Yaa Abbaa, isaan wanta gochaa jiran waan hin beekneef dhiifama isaaniif godhi” jedhe. Kana malees, isaan uffata isaa hirachuuf carraa buufatan.+ 35 Namoonnis dhaabbatanii ilaalu turan. Bulchitoonni garuu, “Warra kaan oolcheera; inni Kiristoos isa Waaqayyo erge, Isa Filatame sana yoo taʼe mee of haa oolchu” jedhanii qoosu turan.+ 36 Loltoonni illee isatti qoosan; dhufanii daadhii wayinii dhangaggaaʼaa isaaf kennuudhaan,+ 37 “Mootii Yihudootaa yoo taate of oolchi” jedhan. 38 Mataa isaatii olittis barreeffamni, “Kun Mootii Yihudootaa ti”+ jedhu jira ture.
39 Achiis yakkamtoota achitti fannifaman keessaa inni tokko, “Ati Kiristoos mitii? Mee ofii kees, nuunis oolchi!” jedhee isa arrabsuu jalqabe.+ 40 Inni kan biraan garuu akkana jedhee isatti dheekkame: “Ati matumaa Waaqa hin sodaattuu? Murtiin isa irratti dabarfame si irrattis dabarfameera mitii? 41 Adabni nuuf kenname sirrii dha; nuti wanta hojjenneef gatii keenya argachaa jirra; namichi kun garuu balleessaa tokko illee hin hojjenne.” 42 Achiis, “Yaa Yesuus, yommuu gara Mootummaa keetti+ dhuftu na yaadadhu” jedhe. 43 Yesuusis, “Ani dhuguman sitti hima harʼa, anaa wajjin Jannata keessa ni taata”+ isaan jedhe.
44 Yeroon isaa gara saʼaatii jaʼaa taʼus, hanga saʼaatii sagaliitti guutummaan lafaa ni dukkanaaʼe;+ 45 kunis kan taʼe ifni aduu waan badeef ture; achiis golgaan mana qulqullummaa+ walakkaatti tarsaʼe.+ 46 Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee, “Yaa Abbaa, ani hafuura koo imaanaadhaan harka keetti nan kennadha”+ jedhe. Erga kana jedhee boodas ni duʼe.*+ 47 Ajajaan dhibbaa sun wanta taʼe kana yommuu argu, “Dhuguma iyyuu namichi kun qajeelaa ture”+ jedhee Waaqayyoof ulfina kenne. 48 Namoonni kana ilaaluuf achitti walitti qabamanii turan hundi, wanta taʼe yommuu argan, gaddaan qoma isaanii rurrukutaa gara mana isaaniitti deebiʼan. 49 Namoonni akka gaariitti isa beekan hundis fagaatanii dhaabbatu turan. Dubartoonni Galiilaadhaa jalqabee isaa wajjin dhufanis achi dhaabbatanii wantoota kana ilaalu turan.+
50 Kunoo, namichi miseensa Mana Marii Yihudootaa taʼee fi Yoseef jedhamu tokko jira ture; inni nama gaarii fi qajeelaa ture.+ 51 (Namichi kun haxxummaa fi gocha isaaniitti waan walii hin galleef isaan hin deggerre.) Inni nama magaalaa Yihudaa ishii Armaatiyaa jedhamtu keessaa dhufee fi Mootummaa Waaqayyoo eeggatu ture. 52 Namichi kun Philaaxos duratti dhihaatee reeffi Yesuus akka isaaf kennamu gaafate. 53 Inni reefficha buusee+ uffata quncee talbaa baʼeessa taʼeen kafane; achiis awwaala* kattaa keessatti qopheeffamee+ fi namni itti awwaalamee hin beekne keessa kaaʼe. 54 Yeroon isaa Guyyaa Qophii+ ture, Sanbannis+ jalqabuuf jedha ture. 55 Dubartoonni Galiilaadhaa jalqabee isaa wajjin dhufan garuu duukaa buʼanii reeffi isaa awwaalicha* keessa akkamitti akka kaaʼame ilaalan;+ 56 achiis urgooftuu fi zayitii urgaaʼu qopheessuuf deebiʼanii deeman. Haa taʼu malee, akkuma seerichi ajajutti guyyaa Sanbataatti ni boqotan.+
24 Guyyaa jalqabaa torban sanaatti garuu urgooftuu qopheessan sana fudhatanii ganama barii gara awwaalichaa* dhufan.+ 2 Haa taʼu malee, dhagichi awwaalicha* irraa akka gangalfame argan;+ 3 yommuu keessa seenan garuu, reeffa Gooftaa Yesuus hin arganne.+ 4 Utuma kun bitaa isaanitti taʼee jiruus, kunoo, namoonni uffata calaqqisu uffatan lama isaan bira dhaabbatan. 5 Dubartoonni sun waan sodaataniif mataa buusanii lafa ilaalan; kanaafuu, namoonni sun akkana isaaniin jedhan: “Isa jiraataa maaliif warra duʼan gidduudhaa barbaaddu?+ 6 Inni as hin jiru, duʼaa kaʼeera. Wanta inni yommuu Galiilaa turetti isinitti hime yaadadhaa; 7 inni Ilmi namaa cubbamootatti dabarfamee kennamuu, muka irratti fannifamuu fi guyyaa sadaffaatti duʼaa kaʼuu akka qabu dubbateera.”+ 8 Yeroo kanatti isaan wanta inni dubbate yaadatan;+ 9 bakka awwaalichaatii* deebiʼaniis wantoota kana hunda warra Kudha Tokkottii fi warra kaan hundumaatti himan.+ 10 Isaanis, Maariyaam ishii Magdalaa, Yoʼaanaa fi Maariyaam haadha Yaaqoob turan. Dubartoonni isaanii wajjin turan kaanis wantoota kana ergamootatti himan. 11 Haa taʼu malee, dubbiin kun oduu faayidaa hin qabne waan isaanitti fakkaateef, isaan dubartoota sana hin amanne.
12 Pheexiros garuu kaʼee gara awwaalichaatti* fiige; yommuu gad jedhee ilaalus uffata quncee talbaa irraa tolfame sana qofa arge. Kanaafuu, wanta taʼe ajaaʼibsiifachaa bakka sanaa deeme.
13 Haa taʼu malee, guyyuma sanatti isaan keessaa namoonni lama ganda Emaahus jedhamtuu fi Yerusaalem irraa gara kiilomeetira 11* fagaattu dhaqaa turan; 14 isaan waaʼee wantoota raawwataman kana hundumaa waliin haasaʼaa turan.
15 Utuma isaan waaʼee wantoota kanaa waliin haasaʼaa fi mariʼachaa jiranii, Yesuus ofuma isaatii isaanitti dhihaatee isaanii wajjin deemuu jalqabe; 16 haa taʼu malee, isaan eenyummaa isaa akka hin beekneef ijji isaanii qabamee ture.+ 17 Innis, “Dhimmi isin irratti wal falmaa deemtan kun maali dha?” isaaniin jedhe. Isaanis gaddanii achuma dhaabbatan. 18 Inni Qalayophaa jedhamus deebisee, “Ati keessummaa taatee kophaa kee Yerusaalem keessa jiraachaa jirtaa? Wantoota yeroo kanatti magaalattii keessatti taʼan hin beektuu?”* isaan jedhe. 19 Innis, “Wantoota akkamii?” jedhee isaan gaafate. Isaanis akkana isaan jedhan: “Wantoota Yesuus nama Naazireet,+ isa Waaqayyoo fi namoota hundumaa duratti hojii fi dubbiidhaan raajii aango qabeessa taʼe+ sana irratti raawwataman; 20 dura buutonni lubootaa fi bulchitoonni keenya duuti akka isatti murteeffamu dabarsanii isa kennan,+ isaanis muka irratti isa fannisan. 21 Nuti garuu namichi kun Israaʼeliin bilisa baasa jennee abdannee turre.+ Kana hundumaa malees, wantoonni kun erga taʼanii harʼa guyyaa sadaffaa isaa ti. 22 Dabalataanis, wanti dubartoonni nu gidduutti argaman tokko tokko nutti himan nu ajaaʼibsiise; isaan ganama bariidhaan gara awwaalichaa* dhaqanii turan;+ 23 haa taʼu malee, yommuu reeffa isaa dhaban, dhufanii maleekonni dinqiidhaan isaanitti mulʼatanii inni lubbuudhaan akka jiru akka itti himan dubbatan. 24 Achiis warra nuu wajjin turan keessaa tokko tokko gara awwaalichaa* dhaqanii+ akkuma dubartoonni sun jedhan taʼee argan; isa garuu hin argine.”
25 Kanaafuu, inni akkana isaaniin jedhe: “Isin warra hubannaa hin qabnee fi garaan keessan wanta raajonni dubbatan hunda dafee hin hubanne nana! 26 Kiristoos dhiphinni kun hundi isa irra gaʼuun isaa+ fi gara ulfina isaatti galuun isaa+ barbaachisaa hin turree?” 27 Achiis Musee fi Raajota+ hunda irraa jalqabee wantoota Kitaabota Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbataman isaaniif ibsuu jalqabe.
28 Dhuma irrattis ganda dhaqaa jiran sanatti yommuu dhihaatan, inni darbee kan deemu fakkaata ture. 29 Isaan garuu, “Amma galgalaaʼee aduun lixuu jala waan geesseef nu bira buli” jedhanii cimsanii isa kadhatan. Kanaafuu, inni isaan bira buluuf manatti seene. 30 Utuu isaanii wajjin maaddiitti dhihaatee jiruus, daabboo fuudhee eebbisee, caccabsee isaaniif kennuu jalqabe.+ 31 Yeroo kanatti ijji isaanii guutummaatti waan banameef inni isa taʼuu isaa hubatan; inni garuu isaan jalaa dhokate.+ 32 Isaanis, “Yommuu inni karaa irratti nutti dubbachaa fi Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti nuuf ibsaa ture sanatti garaan keenya nu keessatti gubachaa hin turree?” waliin jedhan. 33 Isaanis saʼaatii sanatti kaʼanii gara Yerusaalemitti deebiʼan; achittis warra Kudha Tokkoo fi namoota isaanii wajjin walitti qabamanii turan argatan; 34 namoonni sun, “Gooftaan dhuguma kaʼeera, Simoonittis mulʼateera!”+ jedhu turan. 35 Achiis wantoota karaa irratti isaan mudatanii fi yommuu daabboo sana caccabse akkamitti akka isa beekan+ dubbatan.
36 Utuma isaan waaʼee wantoota kanaa dubbachaa jiranii inni gidduu isaanii dhaabbatee, “Nagaan isiniif haa taʼu”+ isaaniin jedhe. 37 Haa taʼu malee, isaan naʼanii fi sodaatanii waan turaniif, uumama hafuuraa kan argan isaanitti fakkaate. 38 Kanaafuu, inni akkana isaaniin jedhe: “Maaliif sodaattu? Shakkiinis maaliif garaa keessan keessatti uumama? 39 Anuma taʼuu koo beekuuf, harka koo fi miila koo ilaalaa; qaqqabaatii na ilaalaa; uumamni hafuuraa akka ana irratti argitan kana foonii fi lafee hin qabu.” 40 Utuma kana dubbachaa jiruu, harka isaa fi miila isaa isaanitti argisiise. 41 Haa taʼu malee, isaan gammachuu fi ajaaʼibsiifannaa irraa kan kaʼe amanuu dadhabanii utuu jiranii, “Wanta nyaatamu qabduu?” isaaniin jedhe. 42 Kanaafuu isaan qurxummii waadamaa kennaniif; 43 innis fudhatee isaan duratti nyaate.
44 Achiis, “Inni ani yommuun isinii wajjin turetti wantoonni waaʼee koo Seera Musee, Raajotaa fi Faarfannaa keessatti dubbataman hundi raawwatamuu qabu jedhee isinitti dubbadhe+ kana dha” isaaniin jedhe.+ 45 Achiis hiika Kitaabota Qulqulluu akka hubataniif guutummaatti sammuu isaanii isaaniif bane;+ 46 akkana isaaniin jedhe: “Akkana jedhamee barreeffameera: Kiristoos ni dhiphata, guyyaa sadaffaattis warra duʼan gidduudhaa ni kaʼa;+ 47 maqaa isaatiinis yaada geddarachuun inni dhiifama cubbuu argamsiisu+ Yerusaalemii jalqabee saboota+ hundumaa gidduutti ni lallabama.+ 48 Isinis wantoota kanaaf dhugaa baatota ni taatu.+ 49 Ani wanta Abbaan koo waadaa gale isiniif nan erga. Isin garuu hanga humna gubbaadhaa dhufu uffattanitti+ magaalattii keessa turaa.”
50 Achiis hanga Bitaaniyaatti erga isaan fuudhee deemee booda, harka isaa ol kaasee isaan eebbise. 51 Utuu isaan eebbisaa jiruus, isaan irraa adda baʼee gara samiitti ol fudhatame.+ 52 Isaanis isaaf sagadanii gammachuu guddaadhaan gara Yerusaalemitti deebiʼan.+ 53 Yeroo hundumaas mana qulqullummaa keessatti Waaqayyoon ni jajatu turan.+
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “maseena.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “dhalachuu isaa duras.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “tajaajila uummataa.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “maseena.”
Ykn., “wanti Waaqayyoof hin dandaʼamne tokko illee hin jiru.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “Namummaan koo.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “fayyisaa humna qabeessa.” Ibsa Jechootaa, “Gaanfa” ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Jechuunis, bidiruun horiin keessaa nyaatan.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Jechuunis, bidiruun horiin keessaa nyaatan.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Jechuunis, bidiruun horiin keessaa nyaatan.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kal., “Dhiirri gadameessa saaqu hundi.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “makoodii; andarii.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “lubbuu kee.”
Kal., “durbummaa ishiitiii kaasee.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “ajajamuu.”
Jechuunis Heroodis Antiphaas. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “bulchaa kutaa arfaffaa.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “namni.”
Ykn., “karaa Waaqayyo itti fayyisu.”
Ykn., “dabalataa.”
Ykn., “sassaabinaa.”
Ykn., “saaminaa.”
Ykn., “mindaa.”
Muka akka akaafaa midhaan ittiin ol darbatanii qulleessan.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “ittisa.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kal., “hin qulqulloofne.”
Jechuunis, Galaana Galiilaa.
Kal., “qulqulleessuu.”
Kal., “Qulqullaaʼi.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kal., “barreessitoonnii.”
Ykn., “maaddiitti dhihaatanii.”
Kal., “barsiisonni seeraa isaanii.”
Ykn., “Daabboo ilaalchaa.”
Ykn., “boqoo.”
Jechuunis, dhala malee.
Ykn., “Gadhiisaa.”
Ykn., “ni gadhiifamtu.”
Kaasuutti baachuun harkaa fi irree gidduutti baachuu argisiisa.
Ykn., “siree reeffaa.”
Kal., “fuula kee dura.”
Ykn., “qajeelfama.”
Ykn., “buʼaa.”
Ykn., “maaddiitti dhihaatee.”
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “guddaa.”
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Ykn tarii, “isa qabee yeroo dheeraadhaaf irra tura ture.”
Ykn., “humni jireenyaa.”
Kal., “meetii.”
Ykn., “dabalataa.”
Jechuunis, Heroodis Antiphaas. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “bulchaa kutaa arfaffaa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “guyyoonni sun yommuu guutan.”
Kal., “fuulli isaa garagalee.”
Ykn., “hammattanii.”
Ykn., “Haadisitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “qaanjibbuu.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “ollaa kee.”
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “hunda irra caalu.”
Ykn., “qulqulluu taʼee haa qabamu.”
Kal., “idaa irraa qabnu.”
Kal., “idaa.”
Maqaa Seexanaaf kenname.
Ykn., “guuboo safaraa.”
Ykn., “qulqulluu.” Kal., “salphaa.”
Ykn., “ifaan kan guutame.”
Kal., “gadhee; hamaa.”
Jechuunis, akka sirna yeroo sana turetti akka hin dhiqanne.
Ykn., “kennaa hiyyeeyyiidhaaf kennamu.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “kuduraa.”
Ykn., “iddoo baʼeessa.”
Ykn., “awwaalota yaadannoo.”
Ykn., “awwaalota yaadannoo.”
Ykn., “hundi irraa barbaadama.”
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Ykn., “dhiigni dhangalaʼe irraa barbaadama.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “assaariyonii lamatti.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn tarii, “mana sagadaa.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “Yaa lubbuu koo.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “lubbuun.”
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “hiyyeeyyiidhaaf kennamu.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Gara saʼaatii 3 kaasee hanga halkan walakkaatti.
Halkan walakkaadhaa hanga saʼaatii 9tti.
Ykn., “Bulchaan manaa.”
Ykn., “hubataan.”
Jechuunis, dhaanuu.
Ykn., “akka fedhii isaatti.”
Kal., “leptaa ishii dhumaa.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “hafuura dadhabsiisuun.”
Kal., “safartuu siihii.” Siihiin tokko 7.33 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Dhukkuba dhangalaʼaa hedduun qaama keessatti kuufamuu isaatiin kan kaʼe dhufu dha.
Kal., “daabboo nyaatu.”
Ykn., “anaa gaditti hin jaallanne.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kun dubbi himaa bulchaa yookiin biyya tokkoo argisiisa.
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “dubartoota warra michoota ishii taʼanii.”
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “nyaatee fixe.”
Ykn., “bulchaa manaa.”
Ykn., “safartuu baatii.” Baatiin tokko 22 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “qorosii 100.” Qorosiin tokko 220 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “gamnummaadhaan.”
Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “gara bobaa Abrahaamitti.”
Ykn., “Haadis,” jechuunis bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “bobaa isaa jalatti.”
Kutaa Dabalataa A3 ilaali.
Kal., “amanticha.”
Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “himata sobaatiin saamee fudhadhe.”
Miinaan Giriikii tokko 340 g yeroo taʼu, diraakmaa 100 dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “mootummicha fudhatee.”
Kal., “meetii.”
Kal., “meetii.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “madde.”
Kal., “mataa golee.”
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “akka ilaalcha isaatti.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “bakka hunda irra caalu.”
Ykn., “qabeenya.”
Ykn., “fakkeessuuf.”
Kal., “leptaa.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “isin ganu.”
Ykn., “guyyoota Waaqayyo haaloo itti baʼu dha.”
Ykn., “warra Yihudoota hin taaneef.”
Ykn., “warra Yihudoota hin taaneen.”
Kutaa Dabalataa A3 ilaali.
Ykn., “Muka irratti isa fannisi.”
Ykn., “muka irratti fannifamu.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “maseena.”
Ykn., “hafuura isaa isa dhumaa baafate.”
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Ykn., “awwaala yaadannoo sana.”
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Ykn., “awwaala yaadannoo sanatti.”
Ykn., “awwaala yaadannoo sanatti.”
Kal., “Istaadiyoomii 60.” Istaadiyoomiin tokko 185 m dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn tarii, “Yerusaalem keessaa keessummaan wantoota yeroo kanatti magaalattii keessatti taʼan hin beekne si qofa dhaa?”
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Ykn., “awwaala yaadannoo.”