FAKKEENYA
1 Fakkeenya Solomoon,+ isa ilma Daawitii+ fi mootii Israaʼel+ taʼe sanaa:
2 Kunis, ogummaa+ fi adaba barachuuf,*
Dubbii ogummaa hubachuuf,
3 Adaba+ hubannaa,
Qajeelummaa,+ murtii gaarii*+ fi qajeelina argamsiisu argachuuf,
4 Warra muuxannoo hin qabneef abshaalummaa+ argamsiisuuf,
Dargaggeessaaf beekumsaa fi dandeettii yaaduu+ argamsiisuuf gargaara.
5 Namni ogeessi ni dhagaʼa, barumsa dabalataas ni argata;+
Namni hubataan qajeelfama gaarii* ni argata;+
6 Kunis fakkeenyaa fi dubbii dhokataa,
Dubbii ogeeyyii fi hibboo isaanii hubachuuf gargaara.+
7 Yihowaa sodaachuun* jalqaba beekumsaa ti.+
Gowwoonni garuu ogummaa fi adaba ni tuffatu.+
10 Yaa ilma koo, cubbamoonni si sossobuuf yaalii yoo godhan, tole hin jedhin.+
11 Isaan akkana yoo siin jedhan tole hin jedhin: “Nuu wajjin kottu.
Dhiiga dhangalaasuuf riphnee haa eeggannu.
Warra balleessaa hin qabne sababii malee miidhuuf dhokannee eegganna.
12 Akkuma Awwaalaatti* utuma lubbuudhaan jiranii isaan liqimsina,
Isaanis akkuma gara boollaatti gad buʼanitti guutummaatti ni liqimfamu.
13 Qabeenya isaanii warra gatii guddaa qaban hunda haa fudhannu;
Mana keenyas boojuudhaan ni guuttanna.
15 Yaa ilma koo, isaan duukaa hin buʼin.
Miila kee daandii isaanii irraa fageessi,+
16 Sababiin isaas, miilli isaanii hammina raawwachuuf fiiga;
Isaanis dhiiga dhangalaasuuf ariifatu.+
17 Utuma ishiin argituu simbirroo tokko duratti kiyyoo* diriirsuun dhugumaan gatii hin qabu.
18 Namoonni kun dhiiga dhangalaasuuf riphanii kan eeggatan kanaafi;
Isaan lubbuu warra kaanii balleessuuf dhokatanii eeggatu.
19 Daandiin warra faayidaa sirrii hin taane argachuu barbaadanii kana dha,
Wanti isaan argatanis lubbuu isaanii isaan dhabsiisa.+
20 Ogummaa+ dhugaan daandii irratti sagalee ishii ol kaastee iyyiti.+
Addabaabayii keessattis sagalee ishii ittuma dabaltee iyyiti.+
21 Ishiin golee* daandiiwwan namni itti baayʼatutti ni iyyiti.
Balbaloota karra magaalattii irrattis akkana jetti:+
22 “Isin warri muuxannoo hin qabne hamma yoomiitti muuxannoo dhabuu jaallattu?
Isin warri qoostan hamma yoomiitti qoosaatti gammaddu?
Isin gowwoonnis hamma yoomiitti beekumsa jibbitu?+
Anis hafuura koo isiniif nan dhangalaasa;
Dubbii koos isin nan beeksisa.+
24 Ani isinan waame, isin garuu ni diddan,
Harka koo nan diriirse, taʼus namni tokko illee xiyyeeffannaa hin kennine,+
25 Gorsa koo hundumaa ni tuffattan,
Adaba koos ni diddan,
26 Anis yommuu balaan isin irra buʼu isinittan kolfa;
Yommuu wanti sodaattan isin irra gaʼu isinittan qoosa,+
27 Yommuu wanti sodaattan akkuma obomboleettiitti isinitti dhufu,
Yommuu badiisni keessan akkuma obomboleettii cimaatti isin irra gaʼu,
Yommuu dhiphinnii fi rakkinni isin irra buʼu isinitti nan qoosa.
28 Yeroo sanatti isaan irra deddeebiʼanii na waammatu, ani garuu deebii isaaniif hin kennu;
Dhimmanii na barbaaddatu, garuu na hin argatan,+
29 Sababiin isaas, isaan beekumsa jibbaniiru,+
Yihowaa sodaachuus hin filanne.+
30 Gorsa koo didaniiru;
Adaba koo hundumaas tuffataniiru.
31 Kanaafuu, isaan miidhaa daandiin isaanii isaanitti fidu ni baatu,*+
Gorsa* ofii isaaniitiinis akka malee ni quufu.
32 Sababiin isaas, warri muuxannoo hin qabne addaggummaan isaanii isaan ajjeesa,
Gowwoonni dantaa dhabuun isaanii isaan balleessa.
2 Yaa ilma koo, dubbii koo yoo fudhatte,
Ajajawwan kootiifis iddoo guddaa yoo kennite,*+
2 Gurri kee xiyyeeffannaadhaan ogummaa akka dhaggeeffatu yoo goote,+
Garaa kees gara hubannaatti+ yoo qabde,
3 Kana malees, beekumsa gad fagoo yoo waammatte,+
Hubannaa+ argachuufis sagalee kee yoo ol kaaste,
4 Akkuma meetiitti ishii barbaaduu kee yoo itti fufte,+
Akkuma qabeenya guddaa dhokfamee jiruttis ishii barbaaddachuu kee yoo itti fufte,+
5 Yeroo sanatti, Yihowaa sodaachuu ni hubatta,+
Beekumsa Waaqayyoos ni argatta.+
7 Inni qajeelotaaf ogummaa ni kuusa;
Warra amanamummaadhaan deemaniifis gaachana dha.+
8 Inni daandii haqaa ni hubata,
Daandii warra isaaf amanamoo taʼaniis ni eega.+
10 Ogummaan yommuu garaa kee seenu,+
Beekumsis yommuu lubbuu* kee gammachiisu,+
11 Dandeettiin yaaduu si eega,+
Hubannaanis si golga,
12 Kunis, daandii hamaa irraa,
Nama wanta jalʼaa dubbatu irraa,+
13 Warra daandii dukkanaa irra deemuuf,+
Daandii qajeelaa dhiisan irraa,
14 Warra balleessaa raawwachuutti gammadan irraa,
Warra wantoota hamoo jalʼaa taʼanitti gammadan irraa,
15 Warra daandiin isaanii micciiramaa taʼe irraa,
Akkasumas warra guutummaan daandii isaanii jalʼaa taʼe irraa si eeguufi.
16 Inni dubartii addaggee* irraa,
Dubbii laafaa* dubartii baalageen* dubbattu irraas si eega;+
17 Ishiin michuu* dargaggummaa ishii ni dhiisti,+
Kakuu Waaqa ishiis ni irraanfatti;
18 Sababiin isaas, manni ishii gara duʼaatti gad ni lixa,
Daandiin ishiis gara warra duʼaan moʼamaniitti geessa.+
19 Warri ishii wajjin walitti dhufeenya qaban* hin deebiʼan,
Deebiʼaniis daandii jireenyaa hin argatan.+
20 Kanaafuu, daandii namoota gaggaarii hordofi,
Daandii qajeelinaas hin gadhiisin;+
21 Sababiin isaas, qajeelota qofatu lafa irra jiraata;
3 Yaa ilma koo, barumsa* koo hin irraanfatin,
Garaan kees ajajawwan koo haa eegu,
2 Sababiin isaas, isaan waggoota hedduu,
Bara jireenyaa fi nagaa siif ni dabalu.+
3 Jaalalli amanamaanii fi amanamummaan* akka si dhiisan hin godhin.+
Morma keetti isaan hidhadhu;
Gabatee garaa keetii irratti isaan barreeffadhu;+
4 Sana booda Waaqayyoo fi nama duratti fudhatama ni argatta,+
Hubannaa gaarii akka qabdus ni argisiista.
7 Ogeessa akka taatetti of hin ilaalin.+
Yihowaa sodaadhu, wanta hamaa irraas fagaadhu.
8 Kunis, qaama* keetiif fayyina,
Lafee keetiifis boqonnaa argamsiisa.
9 Qabeenya kee isa gatii guddaa qabuun,+
Oomisha* kee hundumaa keessaa firii isa jalqabaatiin*+ Yihowaadhaaf ulfina kenni;
10 Gootaraan kee guutummaatti ni guuta,+
Boolli kee inni wayinii itti cuunfanis daadhii wayinii haaraadhaan guutee dhangalaʼa.
12 Akkuma abbaan tokko ilma isaa isa jaallatu adabutti,
Yihowaanis warra jaallatu ni adaba.+
13 Namni ogummaa argatu,+
Namni hubannaa qabus gammadaa dha;
14 Ogummaa argachuun meetii argachuu irra,
Akka buʼaatti ishii argachuunis warqii argachuu irra wayya.+
15 Ishiin elellaa* caalaa gatii guddaa qabdi;
Wanti ati hawwitu kam iyyuu ishiidhaan qixxaachuu hin dandaʼu.
16 Umurii dheeraan karaa harka mirgaa ishii,
Badhaadhinnii fi ulfinnis karaa harka bitaa ishii jiru.
17 Daandiiwwan ishii nama gammachiisu,
Karaawwan ishii hundis nagaa qabu.+
18 Warra ishii qabataniif, ishiin muka jireenyaa ti,
Warri cimsanii ishii qabatanis gammadoo jedhamu.+
19 Yihowaan ogummaadhaan lafa hundeesseera.+
Samiiwwanis hubannaadhaan cimsee dhaabeera.+
20 Beekumsa isaatiin, bishaanonni gad fagoon gargar hiramaniiru,
Samiiwwan duumessa uffatanis fixeensa roobsaniiru.+
21 Yaa ilma koo, isaan* ija kee duraa hin badin.
Ogummaa fi dandeettii yaaduu eeggadhu;
22 Isaan siif* jireenya ni kennu,
Morma keetiifis faaya ni taʼu;
23 Atis nagaadhaan daandii kee irra ni deemta,
28 Ammuma kennuu kan dandeessu yoo taʼe,
“Amma deemi, booda deebiʼii kottu! Boru siifan kenna!” namaan hin jedhin.
29 Utuma inni sodaa malee sii wajjin jiraachaa jiruu,
Nama irratti wanta hamaa hin yaadin.+
30 Wanta hamaa tokko illee si irratti hin raawwanne taanaan,+
Sababii malee namaa wajjin wal hin lolin.+
31 Nama hamaatti hin hinaafin,+
Daandii isaa isa kam iyyuu hin filatin;
32 Sababiin isaas, Yihowaan nama jalʼaa ni jibba,+
Warra qajeelota taʼanii wajjin garuu michummaa cimaa qaba.+
35 Ogeeyyiin ulfina ni dhaalu,
Gowwoonni garuu salphinaaf kabaja kennu.+
4 Yaa ilmaan koo, adaba abbaa dhagaʼaa;+
Hubannaa argachuuf xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa,
2 Qajeelfama gaarii isiniif nan kenna;
4 Inni akkana jedhee na barsiiseera: “Garaan kee dubbii koo cimsee haa qabatu.+
Ajajawwan koo eegi, lubbuudhaanis ni jiraatta.+
5 Ogummaa argadhu, hubannaas argadhu.+
Wantan jedhu hin irraanfatin, isa irraas hin gorin.
6 Isa hin dhiisin, innis si eega.
Isa jaalladhu, innis si golga.
7 Ogummaan wanta baayʼee barbaachisaa taʼe* waan taʼeef,+ ogummaa argadhu,
Wanta qabdu hundumaa irrattis hubannaa qabaadhu.+
8 Bakka guddaa isaaf kenni, innis ol si qaba.+
Ati waan isa hammattuuf, inni ulfina siif kenna.+
9 Inni mataa kee irra gonfoo nama hawwatu ni kaaʼa;
Gonfoo bareedinaatiinis si miidhagsa.”
10 Yaa ilma koo, dhagaʼi, dubbii koo fudhadhu,
Barri jireenya keetiis hedduu ni taʼa.+
12 Yommuu deemtu, tarkaanfiin kee duubatti hin harkifamu;
Yoo fiigdes, hin gufattu.
13 Adaba cimsii qabadhu; hin gadhiisin.+
Inni jireenya kee waan taʼeef, isa eegi.+
14 Daandii jalʼootaatti hin seenin,
Daandii namoota hamoo irras hin deemin.+
16 Isaan wanta hamaa yoo raawwatan malee rafuu hin dandaʼan.
Nama tokko yoo lafaan dhaʼan malee hirriba hin argatan.
17 Isaan nyaata hamminaa sooratu,
Daadhii wayinii jalʼinaas ni dhugu.
18 Daandiin qajeelotaa garuu akkuma ifa ganamaa isa akka gaariitti ifuu ti;
Hamma akka ifa saafaa taʼuttis ifni isaa ittuma dabalaa deema.+
19 Daandiin hamootaa garuu akkuma dukkanaa ti;
Isaan wanta isaan gufachiisu hin beekan.
20 Yaa ilma koo, dubbii koo dhagaʼi;
Wantan jedhus of eeggannoodhaan dhaggeeffadhu.*
21 Ija kee duraa isaan hin fageessin;
Garaa kee keessatti isaan qabadhu,+
22 Sababiin isaas, isaan warra isaan argataniif jireenya,+
Guutummaa qaama* isaaniitiifis fayyaa argamsiisu.
24 Dubbii micciiramaa of irraa fageessi,+
Dubbii jalʼaa irraas fagaadhu.
25 Ijji kee kallattiidhaan fuulduratti haa ilaalu,
27 Gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin gorin.+
Miila kee wanta hamaa irraa deebisi.
5 Yaa ilma koo, ogummaa koo dhagaʼi.
Hubannaa koo of eeggannoodhaan dhaggeeffadhu,*+
2 Kunis, dandeettii yaaduu kee akka eeggattuuf,
Afaan keetiinis beekumsa akka dubbattuufi.+
4 Dhuma irratti garuu ishiin akkuma hadheessaatti hadhoofti,+
Ishiin akkuma goraadee gar lamaan qarameetti qara qabdi.+
5 Miilli ishii gara duʼaatti gad buʼa.
Tarkaanfiin ishiis kallattiidhaan gara Awwaalaatti* geessa.
6 Ishiin waaʼee daandii jireenyaa hin yaaddu.
Asii fi achi ni joorti, garuu garam akka dhaqxu hin beektu.
7 Ammas, yaa ilmaan koo, na dhagaʼaa,
Wantan jedhu irraas hin gorinaa.
8 Ishii irraa fagaadhu;
Gara balbala mana ishiitti hin dhihaatin.+
9 Kunis, ulfina kee warra kaaniif akka hin kennine,+
Wanta hamaas waggoota hedduudhaaf akka hin haammanneefi;+
10 Akkasumas namoonni ormaa qabeenya* kee akka hin onsineef,+
Wanti itti dadhabdes mana nama biyya ormaatiif akka hin taaneefi.
11 Taʼuu baannaan, dhuma bara jireenyaa keetti,
Yeroo foon kee fi qaamni kee dhumutti ni aadda;+
12 Achiis akkana jetta: “Ani akkamittan adaba jibbe!
Garaan koo akkamitti sirreeffama tuffate!
13 Ani sagalee warra qajeelfama naa kennanii hin dhageenye
Yookiin barsiisota koo xiyyeeffannaadhaan hin dhaggeeffanne.
16 Burqaawwan kee alatti,
Yaaʼaawwan bishaanii kee hoo addabaabayiitti yaaʼuu qabuu?+
17 Isaan kanuma kee qofa haa taʼan,
Namoota ormaa sii wajjin jiraniifis hin taʼin.+
18 Burqaan* bishaanii kee kan eebbifame haa taʼu,
Haadha manaa dargaggummaa keettis gammadi,+
19 Ishiin gadamsa dhaltuu jaallatamtuu, re’ee gaaraa* simbo qabeettii dha.+
Yeroo hundumaa harmi ishii si haa gammachiisu.*
Yeroo hundumaa jaalala ishiitiin boojiʼami.+
20 Yaa ilma koo, maarree ati dubartii addaggeedhaan* kan boojiʼamtu
21 Sababiin isaas, daandiin namaa ija Yihowaa dura jira;
Inni karaa isaa hundumaa ni qora.+
22 Namni hamaan balleessaa ofii isaatiin kiyyoo keessa gala,
Wadaroo cubbuu isaatiinis ni qabama.+
23 Adaba dhabuu isaatiin ni duʼa,
Gowwummaa isaa isa hammana hin jedhamneenis karaa irraa ni maqa.
6 Yaa ilma koo, ollaa keetiif wabii* yoo taate,+
Nama ormaas yoo harka rukutte,*+
2 Waadaa galteen kiyyoo keessa yoo seente,
Dubbii afaan keetiitiinis yoo qabamte,+
3 Yaa ilma koo, harka ollaa keetii keessatti waan kufteef,
Akkana godhiitii bilisa of baasi:
Dhaqi, gad of qabiitii hatattamaan ollaa kee kadhadhu.+
4 Ijji kee akka rafu,
Qolli ija keetiis akka mugu hin godhin.
5 Akkuma borofaatti harka adamsituu jalaa,
Akkuma simbirroottis harka isa simbira qabatu jalaa bilisa of baasi.
7 Ajajaa, geggeessaa yookiin bulchaa kan hin qabne taatus,
8 Yeroo bonaatti nyaata ishii qopheeffatti,+
Yeroo makaraattis soorata ishii walitti qabatti.
9 Yaa dhibaaʼaa nana, hamma yoomiitti achi ciista?
Hirriba kee irraa hoo yoom dammaqxa?
10 Xinnuman ciisa, xinnuman muga,
Boqochuufis xinnuman harka maradhee taaʼa yoo jette,+
11 Hiyyummaan akkuma saamtuutti,
Deegnis akkuma nama meeshaa waraanaa hidhatetti sitti dhufa.+
12 Namni gatii hin qabnee fi hamaa taʼe, dubbii jalʼaa dubbachaa asii fi achi deema;+
13 Inni ija isaatiin dubbata,+ miila isaatiin mallattoo argisiisa, quba isaas namatti qaba.
15 Kanaan kan kaʼes, akkuma tasaa balaan isa irra gaʼa;
Yeruma sana ni caba; fayyuus hin dandaʼu.+
17 Ija of tuulu,+ arraba sobuu+ fi harka dhiiga qulqulluu dhangalaasu,+
18 Garaa karoora hamaa yaaduu+ fi miila hamminatti fiigu,
19 Ragaa baatuu sobaa yeroo dubbatu hundumaatti sobu,+
Akkasumas nama obbolaa gidduutti wal morkii facaasu+ hundumaa.
21 Yeroo hundumaa garaa kee keessatti isaan qabadhu;
Morma keettis isaan hidhadhu.
23 Sababiin isaas, ajajni kun ibsaa dha,+
Seerichis ifa dha,+
Adabni sirreeffama argamsiisu daandii gara jireenyaatti geessu dha.+
24 Isaan dubartii amala gaarii hin taane qabdu irraa,+
25 Garaa keetti miidhagina ishii hin hawwin+
Yookiin ija ishii isa nama sossobuun hin boojiʼamin,
26 Sababiin isaas, namni tokko dubartii sagaagaltuu irraa kan kaʼe hiyyummaadhaaf saaxilama,*+
Haati manaa nama kan biraa garuu, lubbuun isaa inni gatii guddaa qabu kiyyootti akka galu gooti.
27 Namni ibidda qoma isaatti baatee uffanni isaa hin gubanne jiraa?+
28 Yookiin namni barbadaa* irra deemee miilli isaa hin gubanne jiraa?
29 Namni haadha manaa nama kan biraa wajjin saalqunnamtii raawwatus akkanuma ni taʼa;
Namni ishii tuqee utuu hin adabamin hafu hin jiru.+
31 Yommuu qabamu garuu, dachaa torba godhee ni deebisa;
Miʼawwan mana isaa warra gatii guddaa qaban hundumaas ni kenna.+
32 Namni dubartii wajjin ejja raawwatu kam iyyuu hubannaa* hin qabu;
34 Hinaaffaan abbaan manaa aaree akka gubatu godha;
Innis yeroo haaloo baʼu gara laafina hin argisiisu.+
35 Inni kiisii* hin fudhatu;
Ati kennaa guddaa akkamii illee yoo isaaf kennite inni hin tasgabbaaʼu.
7 Yaa ilma koo, dubbii koo eegi,
Ajajawwan kootiifis bakka guddaa kenni.+
3 Quba keetti isaan hidhadhu;
Gabatee garaa keetii irrattis isaan barreeffadhu.+
4 Ogummaadhaan, “Ati obboleettii tiyya” jedhi;
Hubannaadhaanis, “fira koo” jedhii waami.
5 Isaan dubartii addaggee*+ irraa,
Dubartii baalagee* fi dubbii laafaa* ishiin dubbattu irraa si eegu.+
6 Ani foddaa mana kootii irraa,
Foddaa koo keessaa gad nan ilaale,
Dargaggoota gidduudhaa dargaggeessa hubannaa* hin qabne tokko nan arge.+
8 Inni daandii naannoo mana ishiitti argamu tokko bira darbee
Gara kallattii mana ishiitti qajeele,
9 Yeroon isaa dimimmisa, gara galgalaa,+
Yeroo dhihuu fi dukkanaaʼuuf jedhu ture.
10 Achiis dubartiin akka sagaagaltuutti* uffattee+ fi garaa haxxee taʼe qabdu
Yommuu isa simattu nan arge.
11 Ishiin iyyitee kan dubbattuu fi didduu dha.+
Matumaas mana hin teessu.*
12 Takkaa alatti argamti, sana booda immoo addabaabayii keessatti argamti,
Goleewwan hundumaa biratti riphxee eeggatti.+
13 Ishiin qabdee isa dhungatte;
Qaanii tokko malees akkana isaan jette:
14 “Ani aarsaa gamtaa dhiheessuun qaba ture.+
Harʼa wareega koo raawwadheera.
15 Si simachuuf kanan baʼe kanaafi,
Si barbaacha nan baʼe, sin argadhes!
16 Siree koo irra afata baʼeessa,
Quncee talbaa halluu hedduu qabu isa Gibxii irraa dhufe afeera.+
17 Siree koo irratti qumbii, argisaa* fi qarafaa firfirseera.+
18 Kottu, hamma bariʼutti xoofoo jaalalaa irraa dhugnee haa quufnu;
Waliin taanee jaalalaan haa gammadnu,
19 Abbaan manaa koo mana hin jiru;
Karaa fagoo deemeera.
20 Korojoo maallaqaa qabateera,
Hamma guyyaa baatii guutuuttis hin deebiʼu.”
21 Irra deddeebitee isa sossobuudhaan+ isa dogoggorsite.
Dubbii laafaadhaanis isa gowwoomsite.
22 Innis akkuma tasaa akka qotiyyoo qalamuuf oofamuutti,
Akka nama gowwaa miilli isaa jirma* gidduu galee adabamuuf jedhuuttis ishii duukaa buʼa,+
23 Hamma xiyyi tiruu isaa waraanutti ishii duukaa deema;
Akkuma simbira kiyyootti seenuuf ariifattuutti, innis wanti kun lubbuu isaa akka isa dhabsiisu hin beeku.+
24 Ammas yaa ilmaan koo, na dhagaʼaa;
Dubbiin dubbadhus xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa.
25 Garaan kee gara daandiiwwan ishiitti akka goru hin godhin.
Gara karaa ishiittis hin gorin,+
26 Sababiin isaas, ishiin namoonni baayʼeen akka duʼan gooteetti,+
Namoonni ishiin galaafattes hedduu dha.+
27 Manni ishii gara Awwaalaatti* geessa;
Gara gola duʼaattis gad ni buusa.
8 Ogummaan waamaa jirti mitii?
Hubannaan sagalee ishii ol kaastee dhageessisaa jirti mitii?+
2 Iddoo ol kaʼaa+ daandii qarqaratti argamu,
Daandii qaxxaamuraa irra ni dhaabbatti.
3 Karrawwan gara magaalaatti geessan cinaatti,
Balbala karrawwanii biratti,
Yeroo hunda akkana jettee sagalee ishii ol kaastee iyyiti:+
4 “Yaa namootaa, isin nan waama;
Sagalee koo ol kaasee nama hunda* nan waama.
5 Isin warri muuxannoo hin qabne, abshaalummaa baradhaa;+
Isin gowwoonni, garaa hubatu qabaadhaa.
6 Wantin dubbadhu barbaachisaa waan taʼeef dhaggeeffadhaa;
Arrabni koo wanta sirrii dubbata;
7 Afaan koo suuta jedhee dhugaa dubbata,
Arrabni koos wanta hamaa ni jibba.
8 Dubbiin afaan koo keessaa baʼu hundi qajeelaa dha.
Tokkoon isaa illee micciiramaa yookiin jalʼaa miti.
9 Hundi isaa iyyuu warra hubannaa qabaniif qajeelaa dha,
Warra beekumsa argataniifis sirrii dha.
10 Meetii mannaa adaba koo,
Warqii baʼeessa mannaas beekumsa filadhaa,+
11 Sababiin isaas, ogummaan elellaa* irra wayya,
Wantoonni gatii guddaa qaban kaan hundis ishii wajjin wal hin gitan.
12 Ani ogummaan, abshaalummaa wajjin nan jiraadha;
Beekumsaa fi dandeettii yaaduus argadheera.+
13 Yihowaa sodaachuun, wanta hamaa jibbuu dha.+
Of tuulummaa, boonuu,+ daandii hamaa fi dubbii jalʼaa nan jibba.+
15 Mootonni anaan bulchu,
Abbootiin taayitaa ol aanoonis anaan qajeelummaa labsu.+
16 Bulchitoonni anaan bulchu,
Guguddoonnis anaan murtii haqaa kennu.
17 Warra na jaallatan nan jaalladha,
Warri na barbaaddatanis na argatu.+
18 Soorumnii fi ulfinni,
Qabeenyi bara dheeraa* fi qajeelummaan na bira jiru.
19 Firiin koo warqii irra, warqii qulqulleeffame irra illee ni caala,
Wanti na irraa argamus meetii hundumaa caalaa baʼeessa taʼe irra wayya.+
20 Ani daandii qajeelummaa irra
Daandiiwwan haqaa gidduu nan deema;
21 Warra na jaallataniif dhaala hedduu nan kenna,
Gootaraawwan isaaniis nan guuta.
22 Yihowaan jalqaba daandii isaa,+
Hojiiwwan isaa warra bara durii keessaas isa jalqabaa godhee na uume.+
24 Yeroo bishaanonni gad fagoon hin turretti,+
Burqaawwanis bishaan burqisiisuu isaanii duran dhaladhe.*
25 Gaaronni hundeeffamuu isaanii dura,
Tabbawwan duran dhaladhe,
26 Inni lafaa fi dirreewwan ishii
Yookiin bungulloo* biyyoo lafaa isa jalqabaa tolchuu isaa duran dhaladhe.
27 Yeroo inni samii qopheessetti+ ani achin ture;
Yeroo inni bishaanotaa fi samii gidduu daangaa* kaaʼetti,+
28 Yeroo duumessoota ol gubbaa jiran hundeessetti,*
Yeroo bishaanonni gad fagoon akka guutan godhetti,
29 Bishaanonni galaanaa ajaja isaa irra akka hin darbineef+
Yeroo galaanichaaf labsii baasetti,
Yeroo buʼuura lafaa kaaʼetti,*
30 Yeroo sanatti, ani hojjetaa dandeettii qabu taʼee isa maddiin ture.+
Inni guyyaa guyyaadhaan haala adda taʼeen natti gammada ture;+
Anis yeroo hunda isa duratti nan gammadan ture;+
31 Lafa isaa ishii jireenyaaf mijooftuu taatetti nan gammadan ture,
Keessumaa immoo ilmaan namootaa nan jaalladhan ture.
32 Ammas yaa ilmaan koo, na dhagaʼaa;
Eeyyee, warri daandiiwwan koo eegan gammadoo dha.
33 Gorsa dhagaʼi,+ ogeessas taʼi,
Matumaas isa hin tuffatin.
34 Namni guyyaa guyyaatti ganamaan gara balbala koo dhufee,*
Maqaanii koo biratti na eeguudhaan
Na dhagaʼu gammadaa dha;
35 Namni na argatu, jireenya argata,+
Yihowaa birattis fudhatama argata.
9 Ogummaa dhugaan mana ishii ijaarratteetti;
Utubaawwan ishii torba boccee qopheeffatteetti.
2 Ishiin guutummaatti foon ishii qopheessiteetti;*
Daadhii wayinii ishii waliin makteetti;
Maaddii ishiis qopheessiteetti.
3 Iddoowwan ol kaʼoo magaalattii irraa akkana jedhanii akka waamaniif,+
Tajaajiltoota ishii warra durbaa ergiteetti:
4 “Namni muuxannoo hin qabne kam iyyuu, as haa dhufu.”
Warra hubannaa* hin qabneenis akkana jetti:
5 “Kottaa, nyaata koo nyaadhaa,
Dhaadhii wayinii isan waliin makes dhugaa.
6 Wallaalummaa keessan* dhiisaa, lubbuudhaanis jiraadhaa;+
Daandii hubannaa irra fuulduratti deemaa.”+
7 Namni nama qoostuu taʼeef sirreeffama kennu salphina ofitti waama,+
Namni nama hamaadhaaf sirreeffama kennu hundis of miidha.
8 Nama qoostuu taʼeef sirreeffama hin kennin, yoo akkana goote si jibba.+
Nama ogeessaaf sirreeffama kenni, innis si jaallata.+
9 Nama ogeessa barsiisi, innis caalaatti ogeessa taʼa.+
Nama qajeelaa barsiisi, innis beekumsa dabalataa ni argata.
10 Yihowaa sodaachuun, jalqaba ogummaa ti,+
Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe sana beekuunis+ hubannaa dha.
11 Anaan kan kaʼe guyyoonni kee hedduu ni taʼu,+
Waggoonni umurii keetiis siif dabalamu.
12 Ogeessa yoo taate, ogeessa taʼuun kee suma fayyada,
Qoostuu yoo taate garuu, miidhaan isaa suma irra gaʼa.
13 Dubartii gowwaan iyyitee dubbatti.+
Ishiin beekumsa hin qabdu, wanta beektu tokko illee hin qabdu.
14 Ishiin balbala mana ishii dura,
Iddoowwan ol kaʼoo magaalattii irra barcuma irra teessee,+
15 Warra achiin darban,
Warra karaa isaanii qabatanii kallattiidhaan deeman akkana jettee waamti:
16 “Namni muuxannoo hin qabne kam iyyuu, as haa dhufu.”
Warra hubannaa* hin qabneenis akkana jetti:+
18 Inni garuu warri duʼaan moʼaman achi akka jiran,
Keessummoonni ishiis Awwaala* gad fagoo keessa akka jiran hin beeku.+
10 Fakkeenya Solomoon.+
Ilmi ogeessi abbaa isaa ni gammachiisa,+
Ilmi gowwaan garuu haadha isaa ni gaddisiisa.
2 Qabeenyi hamminaan argame gatii hin qabaatu,
Qajeelummaan garuu duʼa irraa nama oolcha.+
5 Ilmi hubannaa guddaa qabu waqtii bonaatti midhaan walitti qabata,
Ilmi nama qaanessu garuu, yeroo makaraatti hirriba cimaa rafa.+
6 Eebbi mataa nama qajeelaa irra jira,+
Afaan nama hamaa garuu jeequmsa dhoksee qabata.
8 Namni garaa ogeessa taʼe qabu qajeelfama* ni fudhata,+
Namni gowwummaadhaan dubbatu garuu ni dhidhiitama.+
9 Namni garaa qulqulluudhaan deddeebiʼu sodaa malee deema,+
Namni karaa isaa jalʼaa godhu garuu ni qabama.+
10 Namni hammina yaadee ija isaatiin dubbatu gadda fida,+
Namni gowwummaadhaan dubbatus ni dhidhiitama.+
12 Jibbi falmii kakaasa,
Jaalalli garuu balleessaa hundumaa ni haguuga.+
15 Qabeenyi sooressaa isaaf magaalaa dallaa dhagaa qabdu dha.
Badiisni hiyyeessotaa garuu hiyyummaa isaanii ti.+
16 Hojiin nama qajeelaa gara jireenyaatti geessa;
Oomishni nama hamaa garuu gara cubbuutti geessa.+
17 Namni adaba fudhatu daandii gara jireenyaatti geessu dha,*
Namni sirreeffama tuffatu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa.
19 Dubbiin yoo baayʼate, dogoggora hambisuun hin dandaʼamu,+
Namni arraba isaa toʼatu hundi garuu of eeggataa dha.+
20 Arrabni nama qajeelaa akkuma meetii hunda caalaa baʼeessa taʼee ti,+
Garaan nama hamaa garuu gatii hin qabu.
21 Afaan nama qajeelaa namoota hedduu ni soora,*+
Gowwoonni garuu hubannaa dhabuu isaaniitiin kan kaʼe ni duʼu.+
23 Nama gowwaadhaaf gocha qaanessaa irratti hirmaachuun akkuma taphaa ti,
Ogummaan garuu kan nama hubannaa qabuu ti.+
24 Namni hamaan wanti inni sodaate isa irra gaʼa;
Namoonni qajeeloon garuu hawwiin isaanii isaaniif guutama.+
26 Akkuma wanti dhangaggaaʼaan ilkaan, aarris ija dheekkamsiisu,
Dhibaaʼaanis nama isa ergate* ni dheekkamsiisa.
29 Daandiin Yihowaa nama balleessaa hin qabneef dahoo dha,+
Warra hammina hojjetaniif garuu badiisa dha.+
30 Namni qajeelaan matumaa akka kufu hin godhamu,+
Namoonni hamoon garuu lafa irra jiraachuu isaanii itti hin fufan.+
31 Afaan nama qajeelaa ogummaa ni baasa,*
Arrabni jalʼaan garuu ni cita.
32 Arrabni nama qajeelaa wanta nama gammachiisu beeka,
Afaan hamootaa garuu jalʼaa dha.
11 Madaalliin sirrii hin taane* Yihowaa duratti jibbisiisaa dha,
2 Yeroo of tuulummaan dhufu salphinnis ni dhufa,+
Ogummaan garuu warra humna isaanii beekan biratti argama.+
3 Qajeelonni amanamummaan isaanii isaan qajeelcha,+
Gantoonni garuu jalʼinni isaanii isaan balleessa.+
5 Qajeelummaan nama balleessaa hin qabnee daandii isaa isaaf ni qajeelcha,
Namni hamaan garuu hammina isaatiin ni kufa.+
7 Namni hamaan yeroo duʼu abdiin isaa ni bada;
Wanti inni humna isaatiin argachuuf eeggatus ni bada.+
8 Namni qajeelaan dhiphina irraa ni oola,
Namni hamaan immoo bakka isaa ni buʼa.+
9 Namni gantuun* afaan isaatiin ollaa isaa irratti badiisa fida,
Qajeelonni garuu beekumsaan ni oolu.+
10 Gaarummaan qajeelotaa magaalaan akka gammaddu godha,
Namoonni hamoon yeroo badanis gammachuu guddaatu taʼa.+
12 Namni hubannaa* hin qabne hundi ollaa isaa tuffata,
Namni hubannaa dhugaa qabu garuu calluma jedha.+
13 Namni maqaa namaa balleessu iccitii baasaa asii fi achi deema,+
14 Qajeelfamni ogummaa irratti hundaaʼe hin jiru taanaan uummanni ni kufa,
15 Namni liqii nama ormaatiif wabii taʼu kam iyyuu miidhaan isa irra gaʼa,+
Namni harka rukutuudhaan waadaa galuu irraa fagaatu* garuu nagaadhaan jiraata.
19 Namni ciminaan qajeelummaadhaaf dhaabbatu jireenya argata,+
Namni wanta hamaa duukaa buʼu garuu ni duʼa.
20 Warri garaan isaanii jalʼaa taʼe Yihowaa duratti jibbisiisoo dha,+
Warri karaa isaanii irratti balleessaa hin qabne garuu isa ni gammachiisu.+
21 Waaʼee kanaa mirkanaaʼaa taʼi:* Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu,+
Ijoolleen qajeelotaa garuu ni oolu.
22 Dubartii bareedduun hubannaa tuffattu,
Akkuma amartii warqii funyaan booyyee irra jiruu ti.
23 Hawwiin qajeelotaa gara gaariitti geessa,+
Wanti hamoonni abdatan garuu gara aariitti geessa.
24 Namni tokko arjummaadhaan ni kenna,* dhuma irrattis wanta dabalataa ni argata,+
Namni kan biraan immoo wanta kennamuu qabu ni dhowwata, garuu ni hiyyooma.+
25 Namni* arjaan ni badhaadha,*+
Namni warra kaan dheebuu baasu* hundis ofii isaatiif dheebuu ni baʼa.+
26 Namoonni nama midhaan gurguruu didu ni abaaru,
Nama midhaan gurguru garuu ni eebbisu.
27 Namni dhimmee wanta gaarii raawwatu gaarummaa argata,+
Namni wanta hamaa barbaadu garuu wantuma sanatu isa irra gaʼa.+
29 Namni maatii isaa irratti rakkina* fidu hundi bubbee dhaala,+
Namni gowwaanis nama garaa ogeessa taʼe qabuuf tajaajilaa ni taʼa.
31 Namni qajeelaan lafa irratti argamu dhugumaan gatii isaa kan argatu erga taʼee,
Namni hamaanii fi namni cubbamaan hoo caalaatti gatii isaanii hin argatanii ree?+
2 Namni gaariin Yihowaa biratti fudhatama argata,
Namni yaada hamaa qabu garuu isa biratti ni balaaleffatama.+
3 Namni kam iyyuu hamminaan tasgabbii hin argatu,+
Qajeelonni garuu matumaa hin buqqifaman.
4 Haati manaa kaamettiin* abbaa manaa ishiitiif gonfoo dha,+
Haati manaa nama qaanessitu garuu akkuma dhukkuba lafee isaa tortorsuu ti.+
5 Yaanni qajeelotaa sirrii dha,
Qajeelfamni hamootaa garuu gowwoomsaa dha.
6 Dubbiin hamootaa akkuma nama rukutee ajjeesuuf* riphee eeggatuu ti,+
Afaan qajeelotaa garuu isaan ni oolcha.+
7 Hamoonni yommuu garagalfaman, sana booda hin jiraatan,
Manni qajeelotaa garuu akkuma dhaabbatetti jiraata.+
9 Nyaata* utuu hin qabaatin of guguddisuu mannaa,
Tajaajilaa qabaatanii ulfina xinnoo argachuu wayya.+
10 Namni qajeelaan beeladoota isaa* ni kunuunsa,+
Hamoonni garuu gara laafinni isaanii illee gara jabina dha.
11 Namni lafa isaa qotatu nyaata ni quufa,+
Namni wantoota gatii hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa* hin qabu.
12 Namni hamaan wanta namoonni hamoon qabatanitti hinaafa,
Hiddi qajeelotaa garuu firii godhata.
13 Namni hamaan cubbuu dubbateen ni qabama,+
Namni qajeelaan garuu dhiphina jalaa ni oola.
17 Namni amanamummaadhaan ragaa baʼu dhugaa* dubbata,
Namni sobaan ragaa baʼu garuu dubbii gowwoomsaa dubbata.
18 Dubbiin utuu itti hin yaadamin dubbatamu akkuma goraadee nama waraana,
Arrabni ogeessotaa garuu nama fayyisa.+
20 Gowwoomsaan garaa namoota hammina yaadanii keessa jira,
22 Arrabni sobu Yihowaa duratti jibbisiisaa dha,+
Warri amanamoo taʼan garuu isa ni gammachiisu.
23 Namni abshaalli wanta beeku ni dhoksa,
Garaan gowwootaa garuu gowwummaa isaanii gad yaasa.+
26 Namni qajeelaan bakka dheedichaa isaa ni barbaaddata,
Daandiin hamootaa garuu karaa irraa isaan jalʼisa.
27 Namni dhibaaʼaan wanta adamsu duukaa hin buʼu,+
Dhimmanii hojjechuun garuu nama tokkoof qabeenya gatii guddaa qabu dha.
28 Daandiin qajeelummaa gara jireenyaatti geessa;+
Daandii sana irras duuti hin jiru.
2 Namni firii dubbii* isaa irraa wanta gaarii taʼe ni nyaata,+
Hawwiin* gantootaa garuu jeequmsa dha.
4 Namni dhibaaʼaan ni hawwa, taʼus homaa hin qabaatu,+
5 Namni qajeelaan soba ni jibba,+
Gochi hamootaa garuu qaanii fi salphina isaanitti fida.
6 Qajeelummaan nama daandiin isaa qulqulluu taʼe ni eega,+
Hamminni garuu nama cubbamaa taʼe gad ni buusa.
7 Namni sooressa of fakkeessu jira, garuu homaa hin qabu;+
Namni hiyyeessa of fakkeessus jira, garuu qabeenya guddaa qaba.
11 Qabeenyi saffisaan argame* xiqqaachaa deema,+
Qabeenyi namni tokko xinnuma xinnoodhaan* walitti qabatu garuu ittuma dabalaa deema.
14 Barumsi* nama ogeessa taʼee madda jireenyaa ti,+
Namni tokko kiyyoo duʼaa irraa akka goru ni godha.
15 Hubannaa guddaan fudhatama argamsiisa,
Daandiin gantootaa garuu rakkisaa dha.
18 Namni adaba tuffatu kam iyyuu ni hiyyooma, ni salphatas,
20 Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa,+
Namni gowwootaa wajjin walitti dhufeenya qabu garuu rakkina irra buʼa.+
22 Namni gaariin ijoollee ijoollee isaatiif dhaala ni kaaʼa,
Qabeenyi nama cubbamaa garuu nama qajeelaadhaaf kuufama.+
23 Maasiin hiyyeessaa midhaan hedduu kenna,
Taʼus* jalʼina haqaatiin haxaaʼamee baduu dandaʼa.
25 Namni qajeelaan ni nyaata, fedhii nyaataa* isaas ni guuttata,+
Garaan nama hamaa garuu duwwaa dha.+
14 Dubartiin dhugumaan ogeettii taate mana ishii ni ijaarti,+
Dubartiin gowwaan garuu harkuma ishiitiin mana ishii diigdi.
2 Namni qulqullummaa isaatiin deddeebiʼu Yihowaa sodaata,
Namni daandiin isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata.
3 Uleen of tuulummaa afaan nama gowwaa keessa jira,
Afaan ogeessotaa garuu eegumsa isaaniif godha.
4 Bakka loon hin jirretti gongaan* qulqulluu dha,
Humni qotiyyoo garuu oomisha hedduu argamsiisa.
5 Ragaa baatuun amanamaan hin sobu,
Ragaa baatuun sobaa garuu yeroo dubbatu hundumaatti ni soba.+
6 Namni qoostuu taʼe ogummaa ni barbaada, taʼus homaa hin argatu,
Namni hubannaa qabu garuu salphaatti beekumsa argata.+
7 Afaan isaa irraa beekumsa waan hin arganneef,
Nama gowwaa irraa fagaadhu.+
8 Namni abshaalli ogummaadhaan karaa irra deemu ni hubata,
10 Garaan gadda ofii* isaa ni beeka,
Gammachuu isaa irrattis namni kan biraan hirmaachuu hin dandaʼu.
11 Manni hamootaa ni bada,+
Dunkaanni qajeelotaa garuu ni dagaaga.
13 Kolfa keessa illee garaan gadduu dandaʼa,
Gammachuunis gaddaan xumuramuu dandaʼa.
14 Namni garaa isaatti addaggee taʼe buʼaa daandii isaa ni haammata,+
Namni gaariin garuu badhaasa gocha isaa ni argata.+
15 Namni gowwaan* wanta dubbatamu hundumaa amana,
Namni abshaalli garuu tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala.+
16 Namni ogeessi of eeggataa dha, wanta hamaa irraas ni gora,
Namni gowwaan garuu dantaa hin qabu,* akka malees ofitti amanama.
17 Namni dafee aaru gocha gowwummaa raawwata,+
Namni of eeggannoodhaan wanta tokko irratti yaadu* garuu ni jibbama.
19 Namoonni gaarii hin taane namoota gaarii duratti sagaduuf dirqamu,
Hamoonnis karra nama qajeelaa duratti ni sagadu.
21 Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta,
Namni nama rakkataatti gara laafina argisiisu hundi garuu gammadaa dha.+
22 Warri hammina raawwachuuf mala qopheessan karaa irraa hin goranii?
Warri wanta gaarii gochuu barbaadan garuu jaalala amanamaa fi amanamummaa argatu.+
23 Hojiin ciminaan hojjetamu kam iyyuu buʼaa qaba,
Oduun qofti garuu dhabatti nama geessa.+
24 Gonfoon ogeessotaa qabeenya isaanii ti;
Gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa qofa dha.+
25 Ragaa baatuu dhugaan lubbuu ni oolcha,
Namni gowwoomsituu taʼe garuu yeroo dubbatu hundumaatti ni soba.
26 Namni Yihowaa sodaatu wanta hundumaatiin isatti amanama,+
Ijoolleen isaas iddoo kooluu itti galan ni argatu.+
27 Yihowaa sodaachuun madda jireenyaa ti,
Namni tokko kiyyoo duʼaa irraa akka goru ni godha.
28 Baayʼinni namootaa mootiidhaaf ulfina dha,+
Bulchaan namoota isa jalatti bulan hin qabne garuu ni bada.
29 Namni dafee hin aarre hubannaa guddaa qaba,+
Namni obsa hin qabne garuu gowwummaa isaa argisiisa.+
31 Namni nama rakkataa gowwoomsu Uumaa isaa arrabsa,+
Namni hiyyeessatti gara laafina argisiisu hundi garuu isaaf ulfina kenna.+
32 Namni hamaan hamminuma isaatiin gad darbatama,
Namni qajeelaan garuu amanamummaa isaatiin iddoo kooluu itti galu ni argata.+
33 Ogummaan garaa nama hubannaa qabuu keessa tasgabbiidhaan ni teessi,+
Gowwoota gidduutti garuu eenyummaa ishii ni beeksisti.
34 Qajeelummaan saba tokko ol ni qaba,+
Cubbuun garuu uummata tokkoof salphina dha.
35 Mootiin tajaajilaa hubannaadhaan waa hojjetutti ni gammada,+
Nama gocha qaanessaa hojjetu irratti garuu aariin isaa ni bobaʼa.+
2 Arrabni ogeeyyii beekumsatti akka gaariitti fayyadama,+
Afaan gowwootaa garuu gowwummaa gad yaasa.
10 Nama daandii gaarii dhiisutti adabni hamaa* fakkaatee mulʼata,+
Namni ifannaa jibbu hundi garuu ni duʼa.+
11 Yihowaan Awwaalaa* fi iddoo badiisaa* guutummaatti ni arga.+
Garaa namootaa immoo caalaatti ni arga!+
12 Namni qoostuu taʼe nama sirreeffama isaaf kennu* hin jaallatu.+
Namni akkanaa nama ogeessa hin mariisisu.+
15 Namni cunqurfame guyyoonni isaa hundi gaarii miti,+
Namni garaa gammade* qabu garuu yeroo hunda affeerraa irra jira.+
16 Yaaddoo* wajjin qabeenya hedduu qabaachuu mannaa,
Yihowaa sodaachuudhaan wanta xinnoo qabaachuu wayya.+
17 Bakka jibbi jirutti sangaa coome* nyaachuu mannaa,
Bakka jaalalli jirutti kuduraa nyaachuu wayya.+
19 Daandiin nama dhibaaʼaa akkuma dallaa qoree ti,+
Daandiin qajeelotaa garuu akkuma karaa guddaa wal qixa taʼee ti.+
21 Namni hubannaa* hin qabne gowwummaatti gammada,+
Namni hubannaa qabu garuu kallattiidhaan fuulduratti adeema.+
22 Mariin* hin jiru taanaan karoorri hin milkaaʼu,
Gorsitoota hedduudhaan garuu milkaaʼinni ni argama.+
23 Namni deebii sirrii kennuudhaan* ni gammada,+
Dubbiin yeroo sirrii taʼetti dubbatames akkam gaarii dha!+
24 Namni hubannaa qabu daandii jireenyaa isa ol baasu irra deema,+
25 Yihowaan mana warra of tuulanii ni diiga,+
Daangaa dubartii abbaan manaa irraa duʼee garuu ni eega.+
27 Namni buʼaa sirrii hin taane argatu maatii isaa irratti rakkina* fida,+
Namni mattaʼaa jibbu garuu lubbuudhaan ni jiraata.+
28 Garaan nama qajeelaa deebii kennuu isaa dura ni xiinxala,*+
Afaan hamootaa garuu wantoota hamoo gad yaasa.
29 Yihowaan hamoota irraa fagoo dha,
Kadhannaa qajeelotaa garuu ni dhagaʼa.+
31 Namni adaba jireenya argamsiisu dhagaʼu
Mana keessa namoota ogeeyyii gidduu jiraata.+
4 Yihowaan kaayyoo isaa raawwachuuf wanta hundumaa tolcheera,
Hamoota warra guyyaa badiisaatti adabaman illee kaayyoo isaatiif qopheesseera.+
5 Namni garaa isaatti boonu hundi Yihowaa duratti jibbisiisaa dha.+
Inni utuu hin adabamin akka hin hafne mirkanaaʼaa taʼi.
6 Jaalala amanamaa fi amanamummaadhaan balleessaadhaaf araarri ni argama,+
Namnis Yihowaa sodaachuudhaan wanta hamaa irraa ni fagaata.+
7 Yihowaan daandii namaatti yommuu gammadu,
Diinonni isaa illee isaa wajjin nagaa akka qabaatan godha.+
8 Jalʼina haqaatiin galii guddaa argachuu mannaa,
Qajeelummaadhaan wanta xinnoo argachuu wayya.+
9 Namni garaa isaa keessatti daandii isaa ni karoorfata,
Tarkaanfii isaa kan isaaf qajeelchu garuu Yihowaa dha.+
11 Safartuunii fi madaalliin sirrii taʼe Yihowaa biraa argama;
Dhagoonni madaallii korojoo keessatti argaman hundis hojiiwwan harka isaa ti.+
12 Teessoon jabaatee kan dhaabbatu qajeelummaadhaan waan taʼeef,+
Gochi hamaan mootota biratti jibbisiisaa dha.+
13 Dubbii qajeelaan mootota ni gammachiisa.
Isaan nama dhugaa dubbatu ni jaallatu.+
15 Ifa fuula mootii keessa jireenyi jira;
Isa biratti fudhatama argachuun akkuma duumessa bokkaa arfaasaa fiduu ti.+
16 Warqii mannaa ogummaa argachuun caalmaa guddaa qaba!+
Hubannaa argachuunis meetii argachuu irra filatamaa dha.+
17 Qajeelonni daandii hamminaa irraa ni fagaatu.
Namni daandii isaa eeggatu kam iyyuu lubbuu isaa oolfata.+
20 Namni dhimma tokko irratti hubannaa akka qabu argisiisu milkaaʼina* argata,
Namni Yihowaatti amanamus gammadaa dha.
21 Namni garaan isaa ogeessa taʼe, nama hubannaa qabu jedhama,+
22 Hubannaan warra ishii argataniif madda jireenyaa ti,
Gowwoonni garuu gowwummaa isaaniitiin ni adabamu.
23 Garaan nama ogeessa taʼee afaan isaatiif hubannaa kenna,+
Dubbii isaatiifis dandeettii amansiisuu dabala.
25 Daandiin sirrii fakkaatee namatti mulʼatu jira,
Dhuma irratti garuu gara duʼaatti geessa.+
26 Beelli* isaa waan isa dirqisiisuuf,
Namni hojjetaa taʼe fedhiin nyaataa* isaa cimee akka hojjetu isa godha.+
28 Namni rakkina uumu* lola kakaasa,+
Namni maqaa balleessus michoota walitti dhihaatan gargar baasa.+
29 Namni hamaan ollaa isaa gowwoomsa,
Daandii dogoggoraa irras isa oofa.
30 Inni hammina yaadee ija isaatiin dubbata.
Hidhii isaa ciniinnatee gocha hamminaa raawwata.
32 Namni dafee hin aarre+ nama jabaa irra,
Namni aarii isaa toʼatus* nama magaalaa injifatu irra wayya.+
17 Mana utuu lolli jiruu affeerraadhaan* guutame mannaa
Bakka nagaan* jirutti cabaa daabboo goggogaa nyaachuu wayya.+
2 Tajaajilaan hubannaa qabu ilma gocha qaanessaa raawwatu irratti bulchaa taʼa;
Obboloota keessaa akka isa tokkoottis dhaala argata.
3 Meetiin qodaa itti baqsan keessatti, warqiinis iddoo ibiddaa keessatti ni qorama,+
Garaa namaa kan qoru garuu Yihowaa dha.+
4 Namni hamaan dubbii nama miidhu xiyyeeffannaadhaan dhagaʼa,
Namni gowwoomsaa raawwatus arraba wanta hamaa dubbatu dhaggeeffata.+
5 Namni hiyyeessatti qoosu hundi Uumaa isaa arrabsa,+
Namni badiisa namaatti gammadus utuu hin adabamin hin hafu.+
7 Dubbii qajeelaan* nama gowwaa irraa hin eegamu.+
Caalaatti immoo dubbiin sobaa bulchaa tokko irraa hin eegamu!+
8 Kennaan tokko abbaa isaatiif akkuma dhagaa gatii guddaa qabuu ti;*+
Bakka deemu hundumaattis milkaaʼina isaaf ni argamsiisa.+
9 Namni balleessaadhaaf dhiifama godhu* hundi jaalala barbaada,+
Namni dhimma tokko irra deddeebiʼee dubbatu garuu michoota walitti dhihaatan gargar baasa.+
10 Nama gowwaa taʼe siʼa dhibba rukutuu mannaa+
Nama hubannaa qabu siʼa tokko ifachuun faayidaa guddaa argamsiisa.+
11 Namni hamaan fincila qofa barbaada,
Ergamaan gara jabeessi garuu akka isa adabu ni ergama.+
12 Nama gowwaa gowwummaa raawwatuu wajjin wal arguu mannaa
Amaaketa ilmoolee ishii dhabdee wajjin walitti dhufuu wayya.+
13 Namni wanta gaariidhaaf wanta hamaa deebisu kam iyyuu,
Wanti hamaan mana isaa keessaa hin dhabamu.+
15 Namni nama hamaa bilisa baasus taʼe namni nama qajeelaa balaaleffatu kam iyyuu+
Yihowaa duratti jibbisiisaa dha.
16 Namni gowwaan garaa ogummaa itti argatu utuu hin qabaatin*
Karaa itti ogummaa argatu qabaachuun isaa maal isa fayyada?+
17 Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa,+
Inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.+
19 Namni lola jaallatu yakka jaallata.+
Namni karra isaa ol dheeressee ijaaru kam iyyuu kufaatii ofitti waama.+
20 Namni garaan isaa jalʼaa taʼe milkaaʼina* hin argatu,+
Namni dubbii gowwoomsaa dubbatus badiisa keessatti kufa.
21 Namni mucaa gowwaa dhalche gaddatu irra gaʼa;
Abbaan mucaa hubannaa hin qabnees gammachuu hin qabu.+
24 Ogummaan kallattiidhaan nama hubannaa qabu dura jira,
Ijji nama gowwaa garuu hamma handaara lafaatti asii fi achi joora.+
25 Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida,
Garaa haadha isa deessees ni gaddisiisa.+
26 Nama qajeelaa adabuun* gaarii miti,
Namoota kabajamoo garafuunis wanta sirrii taʼe mormuu dha.
28 Namni gowwaan calluma jedhu illee akka ogeessaatti ilaalama,
Namni afaan isaa qabatus akka hubataatti ilaalama.
18 Namni warra kaan irraa adda of baasu kam iyyuu fedhii ofittummaa isaa hordofa;
Ogummaa hundumaas ni tuffata.
2 Namni gowwaan hubannaatti hin gammadu;
Kanaa mannaa wanta garaa isaa keessa jiru baasa.+
3 Namni hamaan yeroo dhufu, tuffiinis ni dhufa,
Salphinaa wajjinis qaaniin jira.+
4 Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha.+
Burqaan ogummaas laga yaaʼu dha.
7 Afaan nama gowwaa badiisa isatti fida,+
Arrabni isaas lubbuu isaatti kiyyoo taʼa.
8 Dubbiin nama maqaa namaa balleessuu akkuma nyaata miʼaawuu ti;*+
Kallattiidhaan gara garaatti gad buʼa.+
9 Namni hojii isaatti dhibaaʼaa taʼe kam iyyuu
Obboleessa nama badiisa fiduu ti.+
10 Maqaan Yihowaa masaraa cimaa dha.+
Namni qajeelaan achitti fiigee eegumsa argata.*+
11 Qabeenyi sooressaa isaaf magaalaa dallaa dhagaa qabdu dha;
Akka dallaa eegumsaa godhees isa ni yaada.+
13 Namni kam iyyuu odeeffannoo jiru dhagaʼuu isaa dura dhimma tokkoof deebii yoo kenne,
Gowwummaa fi salphina isatti taʼa.+
14 Namni tokko yeroo dhukkubsatutti hafuurri isaa isa gargaaruu dandaʼa,+
15 Garaan nama hubannaa qabuu beekumsa argata,+
Gurri ogeessaas beekumsa argachuuf carraaqqii godha.
16 Kennaan nama kennu sanaaf karaa ni bana;+
Namoota guguddaa duratti dhihaachuufis carraa isaaf bana.
17 Hamma namni inni kan biraan dhufee cimsee isa qorutti,
Namni jalqaba irratti dhimma isaa dhiheeffatu sirrii fakkaata.+
18 Carraa buusuun falmiin akka xumuramu godha,+
Namoota cimsanii wal morkatan gidduuttis murtii kenna.*
19 Obboleessi aare magaalaa dallaa dhagaa qabdu caalaa cimaa dha,+
Falmiin akka danqaraa magaalaa dallaa dhagaa qabduu taʼes jira.+
21 Duutii fi jireenyi humna arrabaa keessa jiru;+
Namoonni itti fayyadamuu jaallatanis firii isaa ni nyaatu.+
23 Hiyyeessi kadhachaa dubbata,
Sooressi garuu karaa sirrii hin taaneen deebii kenna.
24 Hiriyoonni wal balleessuuf qophaaʼan jiru,+
Garuu michuun obboleessa caalaa namatti maxxanu jira.+
19 Gowwaa taʼanii soba dubbachuu mannaa
Hiyyeessa taʼanii amanamummaadhaan deddeebiʼuu wayya.+
3 Gowwummaan namaa daandii isaa ni jalʼisa,
Garaan isaas Yihowaatti ni dheekkama.
4 Qabeenyi michoota hedduu argamsiisa,
Nama hiyyeessa taʼe garuu michuun isaa illee isa dhiisa.+
5 Namni sobaan ragaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu,+
Namni yeroo dubbatu hundumaatti sobus adaba jalaa hin oolu.+
6 Namoonni hedduun nama guddaa* biratti fudhatama argachuu barbaadu,
Nama kennaa namaaf kennuufis namni hundi michuu dha.
7 Nama hiyyeessa obboloonni isaa hundi isa jibbu;+
Michoonni isaa immoo hammam caalaatti isa irraa haa fagaatan ree!+
Inni isaan kadhachaa isaan duukaa buʼa, garuu namni tokko illee deebii isaaf hin kennu.
8 Namni hubannaa* qabu kam iyyuu ofiif* jaalala qaba.+
Namni hubannaadhaaf bakka guddaa kennu kam iyyuu milkaaʼina* argata.+
9 Namni sobaan ragaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu,
Namni yeroo dubbatu hundumaatti sobus ni bada.+
10 Gowwaan jireenya qananii jiraachuun isaa sirrii miti;
Tajaajilaan tokko bulchitoota bulchuun isaa immoo caalaatti sirrii miti!+
11 Hubannaan, namni tokko aariin isaa akka qabbanaaʼu godha,+
Balleessaa tuffatee bira darbuun isaas miidhagina isaaf ni kenna.+
12 Aariin mootii akkuma gururiʼuu leencaa ti,*+
Isa biratti fudhatama argachuun garuu akkuma fixeensa biqiltuu irra jiruu ti.
13 Ilmi gowwaan abbaa isaa irratti rakkina fida,+
Haati manaa nyakkistuu taates akkuma baaxii yeroo hunda dhimmisuu ti.+
14 Mannii fi qabeenyi abbootii irraa dhaalama,
Haati manaa hubattuun garuu Yihowaa biraa argamti.+
19 Namni dafee aaru ni adabama;
Adaba irraa isa oolchuuf yoo yaalte, irra deddeebitee akkana gochuuf dirqamta.+
20 Booda irratti ogeessa akka taatuuf,
Gorsa dhagaʼi, adabas fudhadhu.+
22 Wanti guddaan nama keessa jiru jaalala amanamaa inni qabu dha;+
Sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya.
23 Yihowaa sodaachuun jireenyatti geessa;+
Namni isa sodaatu boqonnaa nama gammachiisu qabaata, miidhaa irraas walaba taʼa.+
24 Namni dhibaaʼaan harka isaa saanii golboo keessa ni kaaʼa,
Garuu gara afaan isaatti deebisee fiduuf illee ni rakkata.+
25 Namni muuxannoo hin qabne abshaala+ akka taʼuuf nama qoostuu taʼe rukuti,+
Beekumsa dabalataa akka argatuufis nama hubannaa qabu ifadhu.+
26 Namni abbaa isaa miidhuu fi haadha isaa ariʼu
Ilma qaanii fi salphina namatti fidu dha.+
27 Yaa ilma koo, adaba dhagaʼuu yoo dhiiste,
Dubbii beekumsaa irraa gorta.
20 Daadhiin wayinii qoostuu,+ dhugaatiin alkooliis gadhiisii nama godha;+
Namni isaaniin daandii irraa jalʼatu kam iyyuu ogeessa miti.+
2 Naasisuun* mootii akkuma gururiʼuu leencaa ti;*+
Namni aarii isaa kakaasu kam iyyuu lubbuu isaa balaadhaaf saaxila.+
3 Namni tokko falmii irraa fagaachuun isaa isaaf ulfina dha,+
Namni gowwaa taʼe hundi garuu itti seena.+
4 Namni dhibaaʼaan yeroo gannaa hin qotu,
Kanaafuu, yeroo makaraatti homaa waan hin qabaanneef ni kadhata.*+
5 Yaanni* garaa namaa keessa jiru akka bishaan gad fagoo ti,
Namni hubataan garuu achi keessaa waraabee ni baasa.
6 Namoonni hedduun jaalala amanamaa akka qaban dubbatu,
Nama amanamaa garuu eenyutu argachuu dandaʼa?
7 Namni qajeelaan amanamummaadhaan deddeebiʼa.+
Ijoolleen* isaa warri isa booda dhufan gammadoo dha.+
10 Dhagaan madaallii sirrii hin taanee fi safartuun sobaa,*
Lamaanuu Yihowaa duratti jibbisiisoo dha.+
12 Gurra dhagaʼuu fi ija argu,
Lamaan isaanii iyyuu Yihowaatu uume.+
13 Hirriba hin jaallatin, taʼuu baannaan ni hiyyoomta.+
Ija kee bani, nyaata ni quufta.+
14 Namni yeroo waa bitu, “Gaarii miti, gaarii miti!” jedha;
Erga deemee booda immoo of jaja.+
16 Namni tokko ormaaf yoo wabii taʼe uffata isaa irraa fudhadhu;+
Kana kan godhe dubartii biyya ormaatiif* yoo taʼe immoo qabsiisa irraa fudhadhu.+
17 Namni tokko nyaanni gowwoomsaadhaan argate isatti ni miʼaawa,
Sana booda garuu afaan isaa cirrachaan guutama.+
19 Namni maqaa namaa balleessu asii fi achi deemee iccitii saaxila;+
Nama hamii jaallatutti* hin michoomin.
20 Namni abbaa isaa fi haadha isaa abaaru kam iyyuu,
Yommuu dukkanaaʼutti ibsaan isaa ni dhaama.+
21 Dhaalli jalqaba irratti sassataan argame
Dhuma irratti eebba hin taʼu.+
22 “Wanta hamaa ana irratti raawwatameef hamaa nan deebisa!” hin jedhin.+
Yihowaa abdadhu,+ innis si oolcha.+
23 Dhagaan madaallii sirrii hin taane* Yihowaa duratti jibbisiisaa dha,
Madaalliin gowwoomsaanis gaarii miti.
25 Namni tokko ariifatee, “Qulqulluu dha!”+ yoo jedhe,
Sana booda immoo wanta wareege irratti yoo yaade kiyyoo isatti taʼa.+
27 Hafuurri namni baafatu ibsaa Yihowaa ti,
Keessa namichaa akka gaariitti ni qora.
28 Jaalalli amanamaanii fi amanamummaan mootii ni eegu;+
Jaalala amanamaadhaanis teessoo isaa ni tursa.+
30 Dirmammuunii fi madaan hammina ni balleessa,+
Reebichis keessa nama tokkoo ni qulqulleessa.
21 Garaan mootii harka Yihowaa irratti akkuma bishaan yaaʼuu ti.+
Inni gara barbaadetti isa ni qajeelcha.+
3 Wanta sirrii fi haqa taʼe raawwachuun
Aarsaa caalaa Yihowaa gammachiisa.+
4 Ijji of bokoksuu fi garaan of tuulu
Ibsaa hamoota geggeessu dha, taʼus cubbuu dha.+
5 Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti* geessa,+
Warri jarjaran hundi garuu gara hiyyummaatti deemu.+
7 Hamoonni haqaan hojjechuu waan didaniif,
Fincilli isaanii haxaaʼee isaan balleessa.+
8 Daandiin nama yakkamaa jalʼaa dha,
Hojiin nama qulqulluu garuu qajeelaa dha.+
9 Haadha manaa nyakkistuu taatee wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa
Golee baaxii manaa irra jiraachuu wayya.+
11 Namni qoostuu taʼe yommuu adabamu, namni muuxannoo hin qabne caalaatti ogeessa taʼa,
12 Inni Qajeelaan mana nama hamaa ni arga;
Hamootattis badiisa ni fida.+
13 Namni iyya isa rakkataa dhagaʼuu didee gurra isaa qabatu kam iyyuu
Innis ni iyya, garuu deebii hin argatu.+
15 Namni qajeelaan haqaan hojjechuun isa gammachiisa,+
Namoonni hammina raawwatan garuu akkana gochuun isaan sodaachisa.
16 Namni daandii hubannaa irraa goru
Warra duʼaan moʼaman gidduu ni boqota.+
18 Namni hamaan furii nama qajeelaa ti,
Namni gantuu taʼes bakka nama qajeelaa ni fudhatama.+
19 Haadha manaa nyakkistuu taatee fi daftee aartuu wajjin jiraachuu mannaa
Lafa onaa keessa jiraachuu wayya.+
20 Qabeenyi gatii guddaa qabuu fi zayitiin mana ogeessaa keessatti argama,+
21 Namni qajeelummaa fi jaalala amanamaa duukaa buʼu kam iyyuu
Jireenya, qajeelummaa fi ulfina argata.+
22 Namni ogeessi magaalaa namoota jajjaboo irratti ol baʼuu* dandaʼa,
Jabina isaan itti amanamanis ni laaffisa.+
24 Namni dantaa dhabuudhaan gocha of tuulummaa raawwatu,
Nama of tuulu, nama of jajuu fi nama of bokoksu jedhama.+
25 Harki isaa hojjechuu waan diduuf,
Namni dhibaaʼaan wanti inni hawwu isa ajjeesa.+
26 Namni dhibaaʼaan guyyaa guutuu sassataan ni hawwa,
Namni qajeelaan garuu homaa utuu hin dhowwatin ni kenna.+
27 Aarsaan nama hamaa jibbisiisaa dha.+
Yaada hamaadhaan kakaʼee* yommuu dhiheessu immoo caalaatti jibbisiisaa dha!
30 Ogummaan, hubannaan yookiin gorsi Yihowaa mormu gatii hin qabu.+
22 Qabeenya guddaa mannaa maqaa gaariin* filatamaa dha;+
Ulfina argachuunis meetii fi warqii irra wayya.
2 Wanti sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu* kana dha:
Lamaan isaanii iyyuu kan uume Yihowaa dha.+
3 Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata,
Namni muuxannoo hin qabne garuu ittuma deema, miidhaanis* isa irra gaʼa.
4 Gad of qabuu fi Yihowaa sodaachuun
Badhaadhina, ulfinaa fi jireenya argamsiisa.+
5 Qoree fi kiyyoon daandii nama jalʼaa irra jiru,
Namni lubbuu isaatiif iddoo guddaa kennu hundi garuu isaan irraa ni fagaata.+
12 Ijji Yihowaa nama beekumsa qabu ni eega,
Taʼus inni dubbii gantootaa ni garagalcha.+
13 Namni dhibaaʼaan, “Leenci ala jira!
Addabaabayii gidduutti nan ajjeefama!” jedha.+
14 Afaan dubartoota addaggee* boolla gad fagoo dha.+
Namni Yihowaan balaaleffates achi keessatti ni kufa.
16 Namni qabeenya isaa baayʼifachuuf hiyyeessa gowwoomsu,+
Akkasumas namni sooressaaf kennaa kennu
Ni hiyyooma.
17 Garaan kee beekumsa koo hubachuu akka dandaʼuuf,+
Gurra kee itti qabiitii dubbii ogeeyyii dhaggeeffadhu.+
18 Dubbiin kun hundi yeroo hundumaa afaan kee keessaa akka hin dhabamneef,+
Keessa keetti isa qabachuun kee gaarii dha.+
19 Yihowaa irratti amanannaa akka qabaattuuf,
Ani harʼa beekumsa siif nan kenna.
20 Ani kanaan dura wantoota gorsaa fi beekumsa argamsiisan
Siif hin barreessinee?
21 Kunis gabaasa sirrii qabattee isa si erge sanatti akka deebituuf,
Dubbii dhugaa fi amanamaa taʼe si barsiisuuf mitii?
22 Waanuma hiyyeessa taʼeef isa hiyyeessa hin saamin,+
Karra magaalaa durattis rakkataa hin cunqursin,+
23 Sababiin isaas, Yihowaan ofuma isaatiin isaaniif ni falma,+
Warra isaan gowwoomsanis ni ajjeesa.*
24 Nama dafee aarutti hin michoomin
Yookiin nama dheekkamsa jaallatuu wajjin hin taʼin;
25 Kunis, akka ati matumaa daandii isaa hin baranneef
26 Warra harka rukutuudhaan waadaa galan,
Warra liqiidhaaf wabii taʼan gidduutti hin argamin.+
27 Wanta kaffaltu hin qabdu taanaan,
Sireen kee si jalaa fudhatama!
28 Mallattoo daangaa bara durii isa abbootiin kee kaaʼan
Iddoo isaatii hin siqsin.+
29 Nama hojii isaa irratti dandeettii qabu argiteettaa?
Inni mootota dura dhaabbata;+
Namoota kaan dura hin dhaabbatu.
23 Yommuu mootii wajjin nyaachuuf teessutti,
Wanta si fuuldura jiru irratti of eeggannoodhaan yaadi;
2 Fedhii nyaataa cimaa* qabda taanaan
Qoonqoo kee irra halbee kaaʼi.*
3 Nyaata gowwoomsaa waan taʼeef,
Nyaata isaa isa miʼaawaa hin kajeelin.
4 Qabeenya argachuuf of hin dhamaasin.+
Takka dhaabbadhuutii hubannaa akka qabdu argisiisi.*
5 Ija kee yommuu irra buufattu, inni achitti hin argamu,+
Sababiin isaas, inni qoochoo* akka risaa baasee gara samiitti barrisa.+
6 Nyaata nama sassattuu* hin nyaatin;
Nyaata isaa isa miʼaawaa hin kajeelin,
7 Sababiin isaas, inni akkuma nama herrega galmeessuu ti.*
“Nyaadhu, dhugi” siin jedha, garuu garaa isaatii miti.*
8 Nyaata xinnoo nyaatte sana ni hooqqista,
Galanni dhiheessites akkasumaan lafatti bada.
10 Mallattoo daangaa bara durii iddoo isaatii hin siqsin+
Yookiin maasii ijoollee abbaa hin qabnee humnaan hin fudhatin.
12 Garaa kee gorsatti,
Gurra kees dubbii beekumsaatti qabi.
13 Daaʼima* adabuu irraa duubatti hin jedhin.+
Uleedhaan yoo isa rukutte hin duʼu.
17 Garaan kee cubbamootatti hin hinaafin,+
Kanaa mannaa guyyaa guutuu Yihowaa sodaadhu,+
18 Akkana yoo goote egereen kee gaarii taʼa,+
Abdiin kees hin badu.
19 Yaa ilma koo, dhaggeeffadhu, ogeessas taʼi,
Garaan kees daandii sirrii irra akka deemu godhi.
20 Namoota daadhii wayinii hedduu dhuganii wajjin,+
Warra akka malee foon nyaatanii wajjinis hin taʼin,+
21 Sababiin isaas, namni machooftuu fi albaadhessi ni hiyyooma,+
Hirriba jaallachuunis bututtuu nama uffachiisa.
22 Abbaa kee isa si dhalche dhaggeeffadhu,
Waanuma ishiin dulloomteef qofa haadha tee hin tuffatin.+
24 Abbaan nama qajeelaa ni gammada,
Namni ilma ogeessa dhalche hundis isatti ni gammada.
25 Abbaan kee fi haati tee ni gammadu,
Ishiin si deesses ni gammaddi.
26 Yaa ilma koo, garaa kee naaf kenni,
Ijji kees daandii kootti haa gammadu.+
27 Sababiin isaas, dubartii sagaagaltuun boolla gad fagoo dha,
28 Ishiin akkuma saamtuutti riphxee eeggatti;+
Lakkoofsa dhiirota amanamoo hin taanees ni baayʼisti.
29 Wayyoon eenyuufi? Dhiphinni eenyuufi?
Lolli eenyuufi? Komachuun eenyuufi?
Sababa malee madaaʼuun eenyuufi? Ijji diimachuun* eenyuufi?
30 Warra daadhii wayinii dhuguu irratti yeroo dheeraa dabarsaniif,+
Warra daadhii wayinii makamaa barbaaddataniif* mitii?
31 Yommuu xoofoo keessatti calaqqisuu fi suuta jedhee gad seenutti,
Gara daadhii wayinii isa diimaa taʼee hin ilaalin,
32 Sababiin isaas, dhuma irratti inni akkuma bofaatti nama hidda,
Akkuma buutiittis summii maddisiisa.
33 Ijji kee wanta keessummaa taʼe ni ilaala,
Garaan kees wanta jalʼaa ni dubbata.+
34 Akkuma nama galaana gidduu ciisee,
Akkuma nama fiixee utubaa doonii irra ciisees ni taata.
35 Achiis, “Isaan na rukutaniiru, garuu natti hin dhagaʼamne.*
Na reebaniiru, garuu ani hin hubanne.
Yooman dammaqa?+
Dhugaatii kan biraas nan barbaada”* jetta.
24 Hamootatti hin hinaafin,
Michuu isaanii taʼuufis hin hawwin;+
2 Sababiin isaas, garaan isaanii fincila irratti xiinxala,
Afaan isaaniis waaʼee hamminaa dubbata.
4 Qabeenya akaakuu hundumaa gatii guddaa qabuu fi miidhagaa taʼeen
Beekumsaan kutaawwan isaa guutamaniiru.+
5 Namni ogeessi humna qabeessa dha,+
Namni tokko beekumsaan humna isaa ni guddifata.
7 Namni gowwaan ogummaa dhugaa argachuu hin dandaʼu;+
Inni karra magaalaa keessatti wanta dubbatu hin qabu.
8 Namni wanta hamaa yaadu kam iyyuu
Nama daba qopheessuu irratti dandeettii qabu jedhama.+
9 Karoorri namni gowwaan qopheessu cubbuutti nama geessa,
Namoonnis nama qoostuu taʼe ni jibbu.+
13 Yaa ilma koo, gaarii waan taʼeef damma nyaadhu;
Dammi dhaaba dammaa irraa argamu arrabatti ni miʼaawa.
14 Ogummaanis akkasuma siif gaarii* taʼuu isaa beeki.+
Isa yoo argatte, egereen kee gaarii taʼa,
Abdiin kees hin badu.+
15 Mana nama qajeelaa biratti hamminaan riphxee hin eeggatin;
Bakka boqonnaa isaa hin balleessin.
16 Sababiin isaas, namni qajeelaan siʼa torba kufuu dandaʼa; deebiʼees ni kaʼa,+
Namni hamaan garuu rakkina isa irra gaʼuun ni gufata.+
17 Diinni kee yommuu kufu hin gammadin,
Yommuu inni gufatus garaan kee hin gammadin;+
18 Taʼuu baannaan, Yihowaan kana argee ni gadda,
19 Namoota hamoodhaan kan kaʼe hin aarin;*
Hamootatti hin hinaafin,
20 Sababiin isaas, namni hamaan hundi egereen isaa gaarii hin taʼu;+
Ibsaan hamootaas ni dhaama.+
21 Yaa ilma koo, Yihowaa fi mootii sodaadhu.+
Lamaan isaanii* badiisa akkamii akka isaanitti fidan eenyutu beeka?+
23 Jechoonni armaan gadiis dubbii ogeeyyii ti:
Yeroo murtiitti loogii raawwachuun gaarii miti.+
24 Nama hamaadhaan, “Ati qajeelaa dha” kan jedhu kam iyyuu,+
Namoonni ni abaaru, saboonnis ni balaaleffatu.
26 Namoonni afaan nama haqaan deebii kennuu ni dhungatu.*+
27 Hojii kee isa alaa qopheeffadhu, maasii keessattis wanta hunda qixeeffadhu;
Sana booda mana* kee ijaarradhu.
28 Sababa gaʼaa utuu hin qabaatin nama irratti ragaa hin baʼin.+
Arraba kee warra kaan gowwoomsuuf itti hin fayyadamin.+
29 “Wantuma inni ana irratti raawwate isa irratti nan raawwadha;
Wanta inni godheef gatii isaa isaaf nan deebisa”* hin jedhin.+
31 Maasiin isaa aramaadhaan liqimfamee nan arge;
Lafti isaa doobbiidhaan uwwifamee ture,
Dallaan dhagaa isaas jigee ture.+
32 Ani kana argee nan qalbeeffadhe;
Isan arge irraas kana nan baradhe:*
33 Xinnuman ciisa, xinnuman muga,
Boqochuufis xinnuman harka maradhee taaʼa yoo jette,
34 Hiyyummaan akkuma saamtuutti,
Deegnis akkuma nama meeshaa waraanaa hidhatetti sitti dhufa.+
25 Kanneen kunis fakkeenyota Solomoon+ warra namoonni Hisqiyaas+ isa mootii Yihudaa taʼe tajaajilaa turan qindeessanii fi garagalchani dha:
2 Iccitii eeguun Waaqayyoof ulfina argamsiisa,+
Dhimma tokko akka gaariitti qoruunis moototaaf ulfina argamsiisa.
3 Akkuma samiin ol fagaatuu fi laftis gad fagaattu,
Garaan moototaas kan hin qoratamne dha.
4 Meetii irraa xurii balleessi,
Innis guutummaatti kan qulqullaaʼe taʼa.+
5 Nama hamaa mootii duraa balleessi,
Teessoon isaas qajeelummaadhaan jabaatee ni dhaabbata.+
6 Mootii duratti ulfina ofiif hin kennin,+
Namoota beekamoo gidduus hin taaʼin,+
7 Sababiin isaas, nama guddaa duratti si salphisuu isaa mannaa,
“Gara kanaatti ol kottu” utuu siin jedhee wayya.+
8 Ariifattee falmii seeraa keessa hin seenin,
Booda namni sun yoo si salphise maal goota?+
9 Nama tokkoo wajjin dhimma kee irratti wal falmi,+
Wanta iccitiidhaan sitti himame* garuu hin saaxilin,+
10 Kunis, namni si dhagaʼu akka si hin salphisneef,
Atis oduu* hamaa deebistee sirreessuu hin dandeenye akka hin babalʼisneefi.
11 Jechi yeroo sirrii taʼetti dubbatame,
Akkuma poomii warqii miʼa meetii irraa tolfame keessa jiruu ti.+
12 Namni ogeessi nama gurra dhagaʼu qabu ifatu,
Akkuma lootii warqii fi faaya warqii baʼeessa irraa tolfamee ti.+
13 Ergamaa amanamaan gooftaa isaa* waan gammachiisuuf,+
Inni warra isa ergataniif
Akkuma qabbana cabbii guyyaa makaraatti argamuu ti.
14 Namni kennaa matumaa hin kennine* ilaalchisee of jajee dubbatu,
Akkuma duumessaa fi bubbee matumaa bokkaa hin fidnee ti.+
16 Damma yoo argatte, hamma si barbaachisu qofa nyaadhu,
Akka malee yoo nyaatte garuu si hooqqisiisuu dandaʼa.+
17 Akka si hin nuffinee fi si hin jibbinetti,
Mana michuu keetti miila hin baayʼisin.
18 Namni michuu isaa irratti sobaan ragaa baʼu,
Akkuma ulee waraanaa, akkuma goraadee fi akkuma xiyya qara qabuu ti.+
19 Yeroo rakkinaatti nama hin amansiisne* abdachuun,
Akkuma ilkaan cabee fi miila hollatutti amanamuu ti.
20 Namni garaa gaddeef faarfannaa faarfatu,
Akkuma nama guyyaa qorrutti uffata of irraa baasuu,
21 Diinni kee* yoo beelaʼe wanta nyaatu isaaf kenni;
Yoo dheebote bishaan dhugu isaaf kenni;+
22 Kana gochuudhaan barbadaa mataa isaa irratti tuulta,*+
Yihowaanis si kiisa.
23 Bubbeen kaabaa bokkaa cimaa fida,
Arrabni hamatus fuula aare fida.+
24 Haadha manaa nyakkistuu taatee wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa
Golee baaxii manaa irra jiraachuu wayya.+
25 Oduu gaariin biyya fagoodhaa dhufu,
Akkuma bishaan qabbanaaʼaa lubbuu* dadhabe irratti dhangalaʼuu ti.+
26 Namni qajeelaan nama hamaadhaaf moʼamu,*
Akkuma burqaa dhoqqaaʼee fi boolla bishaanii mancaʼee ti.
26 Akkuma cabbiin yeroo bonaatiif, bokkaanis yeroo makaraatiif hin taanetti,
Ulfinnis nama gowwaadhaaf hin taʼu.+
2 Akkuma simbirri baqachuuf, dimbiixiinis barrisuuf sababa qabdutti,
Abaarsis sababa gaʼaa malee namatti hin dhufu.*
4 Atis akkuma isaa akka hin taanetti,*
Nama gowwaadhaaf akka gowwummaa isaatti isaaf hin deebisin.
5 Ogeessa akka taʼe akka itti hin dhagaʼamnetti,
Nama gowwaadhaaf akka gowwummaa isaatti isaaf deebisi.+
6 Namni nama gowwaatti imaanaadhaan waa kennatu
Akkuma nama miila isaa naaffisee of miidhuu ti.*
8 Nama gowwaadhaaf ulfina kennuun
Akkuma furrisa irratti dhagaa hidhuu ti.+
9 Fakkeenyi afaan gowwootaa keessaa baʼu
Akkuma qoree harka machooftuu keessa galee ti.
10 Namni nama gowwaa yookiin kara deemaa mindeeffatu
Akkuma nama xiyya darbatee nama hundumaa madeessuu ti.
11 Akkuma sareen hooqqisa ishiitti deebitu
Gowwaanis gowwummaa isaa irra deddeebiʼa.+
12 Nama ogeessa akka taʼetti of ilaalu argiteettaa?+
Isa caalaa namni gowwaan abdii qaba.
13 Namni dhibaaʼaan, “Leenci saafelli karaa irra jira,
Leenci addabaabayii keessa jira!” jedha.+
15 Namni dhibaaʼaan harka isaa saanii golboo keessa ni kaaʼa,
Garuu gara afaan isaatti deebisee fiduun baayʼee isa dadhabsa.+
16 Namni dhibaaʼaan
Namoota deebii gaarii kennan torba caalaa ogeessa akka taʼe itti dhagaʼama.
18 Akkuma maraataa meeshaa waraanaa bobaʼuu fi furguggifamu, akkasumas xiyyaa nama ajjeesu namatti darbatuu,
19 Namni michuu isaa gowwoomsee, “Qoosaan jira!” jedhus akkanuma dha.+
20 Bakka qoraan hin jirretti ibiddi ni dhaama,
Bakka namni maqaa balleessu hin jirrettis lolli ni dhaabbata.+
21 Akkuma cileen barbadaadhaaf, qoraanis ibiddaaf taʼu,
Namni abbaa dubbii taʼes lola qabsiisa.+
22 Dubbiin nama maqaa namaa balleessuu akkuma nyaata miʼaawuu ti;*
Kallattiidhaan gara garaatti gad buʼa.+
24 Namni warra kaan jibbu afaan isaatiin jibba isaa ni dhoksa,
Keessa isaatti garuu gowwoomsaa qabata.
25 Garaa isaa keessa wantoonni jibbisiisoo taʼan torba waan jiraniif,*
Gaarummaadhaan kan dubbatu taʼus isa hin amanin.
26 Jibbi isaa gowwoomsaadhaan kan haguugame taʼus,
Hamminni isaa gumii keessatti ni saaxilama.
27 Namni boolla qotu ofuma isaatii keessatti kufa,
Namni dhagaa gangalchu hundis dhagaan sun isumatti deebiʼa.+
28 Arrabni sobu warra sababa isaatiin miidhaman ni jibba,
Afaan sobaan warra kaan jajus badiisa namatti fida.+
2 Namni kan biraan* si haa jaju malee, afaan kee si hin jajin;
3 Dhagaan ni ulfaata, cirrachis baayʼee ulfaata,
Aariin namni gowwaan namatti fidu garuu lamaan isaanii iyyuu caalaa ulfaata.+
4 Aariin gara jabeessa dha, dheekkamsis akkuma lolaa yaaʼuu ti,
Hinaaffaa dura garuu eenyutu dhaabbachuu dandaʼa?+
5 Jaalala dhokfame irra ifannaa ifatti kenname wayya.+
7 Namni* quufe damma dhaaba dammaa keessaa coccophu ni tuffata,*
Namni* beelaʼe garuu wanti hadhaaʼu illee isatti miʼaawa.
8 Namni mana isaa irraa fagaate
Akkuma simbira manʼee ishii irraa fagaattee ti.*
10 Michuu kee yookiin michuu abbaa keetii hin dhiisin,
Guyyaa badiisni sitti dhufuttis mana obboleessa keetti hin seenin;
Obboleessa fagoo jiru mannaa ollaa dhihoo jiru wayya.+
11 Isa na arrabsuuf deebii kennuu akkan dandaʼutti,+
Yaa ilma koo, ogeessa taʼi, garaa koos gammachiisi.+
12 Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata,+
Namni muuxannoo hin qabne garuu ittuma deema, miidhaanis* isa irra gaʼa.
13 Namni tokko ormaaf yoo wabii taʼe uffata isaa irraa fudhadhu;
Kana kan godhe dubartii biyya ormaatiif yoo taʼe immoo qabsiisa irraa fudhadhu.+
14 Namni tokko ganama bariidhaan sagalee isaa ol kaasee michuu isaa yoo eebbise,
Akka isa abaaretti ilaalama.
15 Haati manaa nyakkistuu taate akkuma baaxii guyyaa roobu hundumaatti dhimmisuu ti.+
16 Namni ishii toʼachuu dandaʼu kam iyyuu bubbee toʼachuu ni dandaʼa,
Harka isaa mirgaatiinis zayitii qabachuu ni dandaʼa.
19 Akkuma bishaan fuula namaa mulʼisu,
Garaan nama tokkoos garaa nama kan biraa mulʼisa.
21 Meetiin qodaa itti baqsan keessatti, warqiinis iddoo ibiddaa keessatti ni qorama,+
Namnis galata argatuun ni qorama.*
22 Akkuma midhaan mooyyeedhaan tumameetti
Nama gowwaa taʼe muka mooyyeetiin yoo tumte illee
Gowwummaan isaa isa hin gadhiisu.
23 Bifa bushaayee keetii akka gaariitti beeki.
Hoolota kee akka gaariitti kunuunsi,*+
24 Sababiin isaas, qabeenyi bara baraaf hin turu,+
Gonfoonis bara baraaf dhalootaa dhalootatti hin darbu.
25 Margi lalisaan ni bada, margi haaraan ni biqila,
Biqiltoonni gaarota irra jiranis walitti qabamanii galfamu.
26 Hoolonni xobbaallaan uffata siif argamsiisu,
Korbeeyyiin reʼees gatii maasii siif argamsiisu.
27 Aannan reʼee sii fi maatii kee sooruuf,
Akkasumas tajaajiltoota kee warra durbaa ittiin jiraachisuuf gaʼu ni qabaatta.
2 Yommuu yakki* biyya keessa jirutti, bulchitoonni hedduun ishii irratti wal jijijjiiru,+
Gargaarsa nama hubannaa fi beekumsa qabuutiin garuu bulchaan tokko* bara dheeraa ni bulcha.+
3 Namni hiyyeessi nama rakkataa gowwoomsu+
Akkuma bokkaa midhaan hundumaa haxaaʼee sokkuu ti.
4 Warri seericha dhiisan nama hamaa ni jajatu,
Warri seericha eegan garuu isaanitti ni aaru.+
5 Hamoonni haqa hubachuu hin dandaʼan,
Warri Yihowaa barbaaddatan garuu wanta hundumaa hubachuu dandaʼu.+
6 Sooressa daandiin isaa mancaʼe mannaa
Hiyyeessa amanamummaadhaan deddeebiʼu wayya.+
7 Ilmi hubataa taʼe seericha ni eega,
Michuun namoota albaadhessa taʼanii garuu abbaa isaa ni salphisa.+
8 Namni dhalaan,+ akkasumas haraaxaa liqeessuudhaan qabeenya isaa baayʼifatu,
Qabeenya sana nama hiyyeessatti gara laafina argisiisuuf walitti qaba.+
10 Namni nama qajeelaa dogoggorsee gara daandii hamminaatti geessu boolluma qote keessatti kufa,+
Warri balleessaa hin qabne garuu wanta gaarii ni dhaalu.+
11 Sooressi ogeessa akka taʼetti of ilaala,+
Hiyyeessi hubannaa qabu garuu qoree isa beekuu ni dandaʼa.+
12 Namoonni qajeeloon yommuu injifatan ulfina guddaatu argama,
Hamoonni aangootti yommuu ol baʼan garuu sabni ni dhokata.+
13 Namni balleessaa isaa dhoksu milkaaʼina hin argatu,+
Namni balleessaa isaa himatuu fi isa dhiisu garuu araara ni argata.+
14 Namni yeroo hundumaa of eeggatu* gammadaa dha,
Namni garaan isaa didaa akka taʼu godhu kam iyyuu garuu rakkina keessatti kufa.+
15 Bulchaa hamaan saba rakkataa taʼe bulchu,
Akkuma leenca gururiʼuu fi amaaketa namatti fiiguu ti.+
16 Geggeessaan hubannaa hin qabne karaa sirrii hin taaneen aangoo isaatti fayyadama,+
Namni buʼaa sirrii hin taane jibbu garuu umurii isaa dheereffata.+
17 Namni lubbuu namaa balleessuudhaan dhiigaaf* itti gaafatamu hamma awwaalaatti* ni baqata.+
Namni tokko illee nama kana hin gargaarin.
18 Namni balleessaa malee deddeebiʼu ni oola,+
Namni karaan isaa jalʼaa taʼe garuu akkuma tasaa kufa.+
19 Namni lafa isaa qotatu nyaata hedduu argata,
Namni wanta gatii hin qabne duukaa buʼu garuu hiyyummaa ni quufa.+
20 Namni amanamaan eebba hedduu argata,+
Namni sooressa taʼuuf jarjaru garuu qulqulluu taʼee hin jiraatu.+
21 Looguun gaarii miti;+
Garuu namni tokko daabboo cabduudhaaf jedhee dogoggora raawwachuu dandaʼa.
23 Nama arraba isaatiin sobee nama jaju irra
Namni nama ifatu+ hundi booda irratti ulfina dabalataa argata.+
24 Namni abbaa isaa fi haadha isaa erga saamee booda, “Kun dogoggora miti” jedhu kam iyyuu+
Hiriyaa nama badiisa fiduu ti.+
27 Namni hiyyeessaaf kennu kam iyyuu homtuu itti hin hirʼatu,+
Namni isa ilaaluu didee ija isaa dunuunfatu garuu abaarsa hedduutu irra gaʼa.
28 Hamoonni aangootti yommuu ol baʼan namni ni dhokata,
Yommuu isaan badan garuu qajeelonni ni baayʼatu.+
29 Namni yeroo baayʼee erga ifatamee booda boquu isaa jabeessu*+
Akkuma tasaa ni caba, fayyuus hin dandaʼu.+
2 Yeroo qajeelonni baayʼatan uummanni ni gammada,
Yeroo namni hamaan bulchu garuu uummanni ni aada.+
3 Namni ogummaa jaallatu garaa abbaa isaa ni gammachiisa,+
Namni michuu sagaagaltootaa taʼu garuu qabeenya isaa qisaasessa.+
4 Mootiin haqaan biyya tasgabbeessa,+
Namni mattaʼaa barbaadu garuu biyya mancaasa.
5 Namni sobaan michuu isaa jaju
Miila isaatiif saaphana diriirsa.+
7 Namni qajeelaan mirgi seeraa hiyyeeyyiin qaban isa yaaddessa,+
Namni hamaan garuu waaʼeen kanaa isa hin yaaddessu.+
9 Namni ogeessi nama gowwaa wajjin yeroo wal morkatu
Iyyaa fi qoosaatu taʼa malee boqonnaa hin argatu.+
10 Namoonni dhiiga dheebotan nama qulqulluu* kam iyyuu ni jibbu,+
Lubbuu nama qajeelaas balleessuu barbaadu.*
11 Namni gowwaan miira* isaa hundumaa gad baasa,+
Namni ogeessi garuu tasgabbiidhaan miira isaa qora.+
12 Bulchaan tokko yommuu sobaaf xiyyeeffannaa kennu,
Tajaajiltoonni isaa hundi hamoota taʼu.+
13 Wanti hiyyeessaa fi nama nama cunqursu wal fakkeessu* kana dha:
Ija lamaan isaaniitiif iyyuu ifa kan kennu Yihowaa dha.*
14 Mootiin haqaan hiyyeeyyiidhaaf yommuu murtii kennu,+
Yeroo hundumaa teessoon isaa amansiisaa taʼa.+
16 Hamoonni yommuu baayʼatan yakkis ni baayʼata,
Qajeelonni garuu kufaatii isaanii ni argu.+
19 Tajaajilaan tokko dubbiidhaan qofa sirreeffama hin fudhatu,
Inni wanta itti himamu yoo hubate iyyuu hin ajajamu.+
20 Nama dubbachuuf ariifatu argiteettaa?+
Isa caalaa namni gowwaan abdii qaba.+
21 Tajaajilaan tokko ijoollummaa isaatii jalqabee yoo qanansiifame,
Yeroo booda kan hin galateeffanne taʼa.
22 Namni dafee aaru walitti buʼiinsa kakaasa;+
Namni dheekkamsa jaallatu kam iyyuu yakka hedduu raawwata.+
23 Namni of tuulummaan isaa gad isa qaba,+
Namni hafuura isaatiin gad of qabu kam iyyuu garuu ulfina argata.+
24 Namni michuu hattuu taʼe of* jibba.
Inni ragaa akka baʼu waamicha isaaf dhihaate* yoo dhagaʼe iyyuu homaa hin dubbatu.+
26 Namoonni hedduun bulchaa tokkoo wajjin taʼuu* barbaadu,
Namni haqa kan argatu garuu Yihowaa biraa ti.+
27 Namni haqa jalʼisu nama qajeelaa biratti jibbisiisaa dha,+
Namni daandiin isaa qajeelaa taʼe garuu nama hamaa biratti jibbisiisaa dha.+
30 Ergaa cimaa dubbii Aguur ilmi Yaaqee Itiʼeelittii fi Uukaalitti dubbate keessatti argamu.
2 Ani eenyu iyyuu caalaa beekumsa kan hin qabne dha,+
Hubannaa namni tokko qabaachuu qabus hin qabu.
3 Ani ogummaa hin baranne,
Beekumsa kan Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu sanaas hin qabu.
4 Gara samiitti kan ol baʼe, achiis kan gad buʼe eenyu?+
Barruu harka isaa lamaanii keessatti bubbee kan walitti qabe eenyu?
Uffata isaa keessatti bishaan kan mare eenyu?+
Guutummaa andaarota lafaa kan hundeesse* eenyu?+
Beekta yoo taʼe, maqaan isaa eenyu? Maqaan ilma isaa hoo eenyu?
5 Dubbiin Waaqayyoo hundi kan qulqulleeffame dha.+
Inni warra isatti kooluu galaniif gaachana.+
6 Dubbii isaa irratti homaa hin dabalin,+
Taʼuu baannaan inni si ifata,
Sobduu taʼuun kees ni mirkanaaʼa.
7 Ani wanta lama sin gaafadha.
Duʼuu koo dura wantoota kana na hin dhowwatin.
8 Wanta dhugaa hin taanee fi soba na irraa fageessi.+
Hiyyeessas taʼe sooressa na hin godhin.
Nyaatuma na gaʼu qofa naaf kenni,+
9 Kunis, quufee akkan si hin ganneef, akkasumas “Yihowaan eenyu?” akkan hin jenneef+
Yookiin hiyyeessa taʼee hatuudhaan maqaa Waaqa kootii akkan hin salphisneefi.*
10 Tajaajilaa tokko gooftaa isaa biratti maqaa isaa hin balleessin,
Taʼuu baannaan inni si abaara, atis yakkamaa taata.+
11 Dhaloonni abbaa isaa abaaru,
Haadha isaas hin eebbisne jira.+
13 Dhaloonni ijji isaa of tuultuu taʼe,
Ijji isaa akka malee of jajuudhaan ilaalus jira!+
14 Dhaloonni ilkaan isaa goraadee,
Mangaagaan isaas halbee ittiin qalan taʼe jira;
Dhaloonni kun rakkatoota lafa irraa,
Hiyyeeyyii ilmaan namootaa gidduutti argamanis ni nyaata.+
15 Dhulaandhulli intaloota, “Nuu kennaa! Nuu kennaa!” jedhan lama qabdi.
Wantoonni hin quufne sadii jiru,
Wantoonni matumaa, “Na gaʼa!” hin jenne afuri.
16 Awwaalaa*+ fi gadameessa maseena taʼe,
Lafa bishaan dheebote,
Akkasumas ibidda matumaa “Na gaʼa!” hin jenne.
17 Ija abbaatti qoosuu fi haadhaaf ajajamuu tuffatu,+
Arraagessi sulula* keessa jiraatu isa ni baasa,
Cuuciin risaas isa ni nyaata.+
18 Wantoonni hubannaa kootii ol taʼan* sadii jiru,
Wantoonni ani hin hubanne afuri:
19 Karaa risaan samii irra itti barrisu,
Karaa bofti qarsaa irra itti deemu,
Karaa dooniin galaana irra itti deemu,
Akkasumas karaa dhiirri shamarree wajjin itti deemu.
20 Karaan dubartii ejjituu kana dha:
Nyaattee afaan ishii erga haxaaʼattee booda,
“Wantan balleesse hin qabu” jetti.+
21 Wantoonni lafa sochoosan sadii jiru,
Wantoonni ishiin dandamachuu hin dandeenye afuri:
22 Yommuu garbichi mootii taʼee bulchu,+
Yommuu gowwaan nyaata quufu,
23 Yommuu dubartiin jibbamte* abbaa manaa argattu,
Akkasumas yommuu tajaajiltuun iddoo giiftii ishii fudhattu.*+
29 Wantoonni yommuu deeman nama ajaaʼibsiisan sadii jiru,
Wantoonni yommuu sochoʼan nama ajaaʼibsiisan afuri:
30 Leenca isa bineensota hundumaa caalaa jabaa taʼe,
Isa eenyu jalaa iyyuu hin baqanne,+
31 Saree adamoo, korbeessa reʼee,
Akkasumas mootii raayyaan waraanaa isaa isaa wajjin jiru.
33 Sababiin isaas, akkuma aannan raasuun dhadhaa baasu,
Funyaan cuunfuunis dhiiga baasu,
Aarii kakaasuun lola fida.+
31 Dubbii Lemuʼel Mootichaa, ergaa cimaa haati isaa isa barsiisuuf isaaf dabarsite:+
4 Yaa Lemuʼel, mootonni,
Eeyyee, mootonni daadhii wayinii dhuguun isaanii,
Bulchitoonnis, “Dhugaatiin koo eessa jira?” jechuun isaanii sirrii miti.+
5 Kunis, dhuganii wanta labsame akka hin irraanfanneef,
Mirga warra rakkatoo taʼaniis akka hin jalʼisneefi.
6 Dhugaatii alkoolii warra baduuf jedhaniif,+
Daadhii wayiniis warra dhiphina guddaa keessa jiraniif* kennaa.+
7 Dhuganii hiyyummaa isaanii haa irraanfatan;
Sana booda isaan rakkina isaanii hin yaadatin.
8 Nama dubbachuu hin dandeenyeef dubbadhu;
Mirga warra baduuf jedhan hundumaatiif falmi.+
9 Dubbadhu, qajeelummaadhaanis murtii kenni;
Mirga nama rakkataa fi hiyyeessa taʼeef falmi.+
א [Aleef]
10 Haadha manaa kaamettii* eenyutu argachuu dandaʼa?+
Gatiin ishii gatii elellaa* irra baayʼee caala.
ב [Beet]
11 Abbaan manaa ishii garaadhaa ishiitti amanama,
Wanti gaarii taʼe akkamii iyyuus isatti hin hirʼatu.
ג [Giimel]
12 Umurii ishii guutuu,
Wanta gaarii isaaf gooti malee, wanta hamaa isa irratti hin raawwattu.
ד [Daalet]
13 Rifeensa hoolaa fi quncee talbaa walitti qabatti;
Harka ishiitiin hojjechuun ishii gammachiisa.+
ה [Hii]
14 Ishiin akkuma doonii daldaltuu ti,+
Nyaata ishii biyya fagoodhaa fidatti.
ו [Waaw]
15 Kana malees, halkaniin ni kaati,
Maatii ishiitiif nyaata isaanii,
Tajaajiltoota ishii warra durbaatiifis gaʼee isaanii ni kenniti.+
ז [Zaayin]
16 Maasii tokko ni ilaalti, achiis ni bitti;
Carraaqqii ishiitiinis* muka wayinii ni dhaabdi.
ח [Heet]
ט [Teet]
18 Daldalli ishii buʼa qabeessa akka taʼe ni hubatti;
Halkan ibsaan ishii hin dhaamu.
י [Yood]
19 Harki ishii muka jirbii itti maran qabata,
Qubni ishiis cimsee calii qabata.+
כ [Kaaf]
20 Isa rakkateef harka ishii diriirsiti,
Isa hiyyeessa taʼeefis harka ishii banti.+
ל [Laamed]
21 Guutummaan maatii ishii uffata hoʼu* waan uffataniif,
Cabbii irraa kan kaʼe waaʼee maatii ishii hin yaaddoftu.
מ [Meem]
22 Uffata siree ni tolfatti.
Uffanni ishii quncee talbaa fi suufii bifa dhiilgee irraa kan tolfame dha.
נ [Nuun]
23 Abbaan manaa ishii karrawwan magaalattii keessatti,+
Bakka jaarsolii biyyattii gidduu taaʼutti akka gaariitti kan beekame dha.
ס [Saamek]
24 Uffata quncee talbaa* tolchitee gurgurti,
Daldaltootaafis qabattoo dhiheessiti.
ע [Ayiin]
25 Jabinaa fi miidhagina gonfatteetti,
Yeroo gara fuulduraas amanannaadhaan eeggatti.*
פ [Pee]
צ [Tsadee]
27 Sochii maatii ishii ni toʼatti,
Nyaata dhibaaʼummaas hin nyaattu.+
ק [Qoof]
28 Ijoolleen ishii kaʼanii gammadduu akka taate dubbatu;
Abbaan manaa ishiis kaʼee ishii jajata.
ר [Reesh]
29 Dubartoonni kaamettii taʼan hedduun jiru,
Ati garuu hunda isaanii irra iyyuu ni caalta.
ש [Shiin]
ת [Taaw]
31 Wanta ishiin gooteef ishii badhaasaa,*+
Hojiiwwan ishiis karrawwan magaalattii irratti ishii haa jajatan.+
Kal., “beekuuf.”
Ykn., “wanta haqa taʼee.”
Ykn., “qajeelfama ogummaa irratti hundaaʼe.”
Ykn., “Yihowaadhaaf kabaja guddaa qabaachuun.”
Ykn., “Seera.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Carraa kee nuu wajjin buufadhu.”
Ykn., “korojoo tokko ni qabaanna.”
Kal., “saaphana.”
Kal., “mataa.”
Ykn., “Yommuun isin adabu deebiʼaa.”
Kal., “firii daandii isaanii ni nyaatu.”
Ykn., “Mala; Tooftaa.”
Ykn., “Ajajawwan koos yoo kuufatte.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “keessummaa.” Kun nama karaa amalaa Waaqayyo irraa fagaate kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “nama hawwatu.”
Kal., “ormi.” Kun nama karaa amalaa Waaqayyo irraa fagaate kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “abbaa manaa.”
Kal., “gara ishiitti seenan.”
Ykn., “amanamummaa isaanii eeganis.”
Ykn., “seera.”
Ykn., “dhugaan.”
Kal., “handhuura.”
Ykn., “Galii.”
Ykn., “isa hunda caalaa gaarii taʼeen.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kun amalawwan Waaqayyoo warra lakkoofsota olii irratti ibsaman kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “lubbuu keetiif.”
Ykn., “homaatti iyyuu hin rukutamu.”
Ykn., “Harki kee humna isaa yoo qabaate.”
Ykn., “Seera.”
Ykn., “wanta dursi kennamuuf.”
Kal., “Gurra kees wantan jedhutti qabi.”
Kal., “foon.”
Ykn., “Ijji kee inni ifu fuuldura kee qofa haa ilaalu.”
Ykn tarii, “of eeggannoodhaan ilaali.”
Kal., “Gurra kee hubannaa kootti qabi.”
Kal., “keessummaa.” Fak 2:16 ilaali.
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “humna.”
Kal., “Yaaʼii fi gumii gidduutti.”
Ykn., “Bishaan qulqulluu.”
Ykn., “Maddi.”
Ykn., “waaliyaa.”
Ykn., “si haa macheessu.”
Kal., “keessummaadhaan.” Fak 2:16 ilaali.
Kal., “orma.” Fak 2:16 ilaali.
Kal., “qabsiisa.”
Jechuunis, kakachuudhaan.
Goondaan gosa mixii ti.
Ykn., “lubbuun isaa.”
Ykn., “Seera.”
Ykn., “si barsiisa.”
Kal., “ormaa.” Fak 2:16 ilaali.
Kal., “Daabboo bixxillee tokkotti hafa.”
Ykn., “mukukkula.”
Ykn., “lubbuu isaa quubsuuf.”
Kal., “qalbii.”
Ykn., “lubbuu isaa.”
Ykn., “furii.”
Ykn., “seera.”
Kal., “keessummaa.” Fak 2:16 ilaali.
Kal., “ormaa.” Fak 2:16 ilaali.
Ykn., “gowwoomsaa.”
Ykn., “Warra muuxannoo hin qabnes.”
Kal., “qalbii.”
Ykn., “uffata sagaagaltuu.”
Kal., “Miilli ishii matumaa mana hin taaʼu.”
Akaakuu mukaa foolii urgaaʼu qabuu fi bara duriitti akka urgooftuutti tajaajilu dha.
Ykn., “hidhaa sibiilaa.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “ilmaan namootaa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “dhaalaan argamuu.”
Ykn., “bara hin yaadatamne irraa.”
Ykn., “ciniinsuudhaan dhaladhe.”
Biyyoo walitti qabatee goge.
Kal., “geengoo.”
Kal., “cimaa godhetti.”
Ykn., “labsetti.”
Ykn., “balbala koo duratti dammaqee.”
Ykn., “lubbuu isaa.”
Kal., “qalma ishii qalteetti.”
Kal., “qalbii.”
Ykn., “Warra wallaalota taʼan.”
Kal., “qalbii.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuun nama qajeelaa.”
Ykn., “Maqaan.”
Kal., “ajaja.”
Kal., “qalbii.”
Ykn tarii, “geessu irra jira.”
Ykn., “jette jettee.”
Ykn., “ni qajeelcha.”
Ykn., “gadda.”
Ykn., “mindeeffate.”
Ykn., “abdatan.”
Ykn., “firii ogummaa ni godhata.”
Ykn., “nama gowwoomsu.”
Ykn., “guutuu taʼe.”
Ykn., “wanti gatii guddaa qabu.”
Ykn., “Waaqa hin qabne.”
Kal., “qalbii.”
Kal., “Namni hafuuraan amanamaa taʼe.”
Kal., “dhimma tokko ni dhoksa.”
Ykn., “fayyinni.”
Ykn., “waadaa galuu jibbu.”
Ykn., “Dubartiin namatti toltu.”
Ykn., “Namni jaalala amanamaa argisiisu.”
Ykn., “lubbuu isaatiif wanta gaarii godha.”
Ykn., “salphina.”
Kal., “Harki kan wal qabate taʼus.”
Kal., “ni bittinneessa.”
Ykn., “Lubbuun.”
Kal., “ni cooma.”
Kal., “tolaan bishaan obaasu.”
Ykn., “salphina.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “miira.”
Ykn., “gaariin.”
Kal., “dhiigaaf.”
Kal., “Daabboo.”
Ykn., “lubbuu beeladoota isaa.”
Kal., “qalbii.”
Kal., “afaan.”
Ykn., “guyyuma sanatti.”
Kal., “ni haguuga.”
Kal., “wanta qajeelaa taʼe.”
Kal., “gorsitoota nagaa taʼan.”
Ykn., “isa dhiphisa.”
Ykn., “sirreeffama.”
Kal., “afaan.”
Ykn., “Lubbuun.”
Ykn., “wanta dubbatu.”
Ykn., “Lubbuun.”
Kal., “ni furdata.”
Kal., “ifannaa hin dhagaʼan.”
Kal., “ni gammada.”
Ykn., “kan warra waliin mariʼatanii ti.”
Ykn., “Qabeenyi wanta gatii hin qabne irraa argame.”
Kal., “harkaan.”
Ykn., “dubbii.”
Ykn., “Seerri.”
Ykn., “adaba.”
Ykn., “lubbuutti.”
Ykn., “Taʼus inni.”
Ykn., “ilma isaa adabuu.”
Ykn tarii, “dafee.”
Ykn., “lubbuu.”
Jechuunis, bidiruun horiin keessaa nyaatan.
Ykn tarii, “gowwoonni garuu warra kaan ni gowwoomsu.”
Ykn., “gumaa baasuutti.”
Ykn., “Qajeelota gidduutti garuu fedhiin jira.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “Namni muuxannoo hin qabne.”
Ykn., “ni dheekkama.”
Ykn., “Namni dandeettii yaaduu qabu.”
Ykn., “Namoonni muuxannoo hin qabne.”
Ykn., “fayyaa.”
Ykn., “gaariin.”
Ykn., “Dubbiin miidhu.”
Ykn., “Arrabni fayyisu.”
Kal., “hafuura namaa caccabsa.”
Ykn., “adaba.”
Ykn., “Galiin.”
Ykn., “cimaa.”
Ykn., “Siʼoolii,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Abaadoon.”
Ykn., “isa adabu.”
Ykn., “gadde.”
Ykn., “hafuura caccabsa.”
Ykn., “duukaa buʼa.”
Ykn., “gaarii.”
Ykn., “Jeequmsaa.”
Kal., “bidiruudhaan soorame.”
Kal., “qalbii.”
Ykn., “Iccitiin.”
Kal., “deebii afaan isaatiin.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “salphina.”
Ykn., “akkamitti deebii akka kennu of eeggannoodhaan ni yaada; dubbachuu isaa dura ni yaada.”
Ykn., “Gammachuudhaan ilaaluun.”
Kal., “lafee ni coomsa.”
Kal., “garaa.”
Kal., “Garaa qindeeffachuun kan namaa ti.”
Ykn., “deebii sirriin.” Kal., “deebiin arrabaa.”
Kal., “qulqulluu.”
Kal., “hafuura.”
Kal., “Hojiiwwan kee Yihowaa irratti gati.”
Ykn., “ni hambisa.”
Ykn., “Boonuun.”
Kal., “hafuura gad qabame.”
Kal., “wanta gaarii.”
Ykn., “Dubbiin namatti tolus.” Kal., “Miʼaayinni hidhiis.”
Ykn., “Afaanitti.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “Afaan.”
Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “hammina yaadu.”
Ykn., “ulfinaa.”
Kal., “hafuura isaa irratti bulchu.”
Kal., “aarsaadhaan.”
Ykn., “tasgabbiin.”
Ykn., “Warris.”
Ykn., “ijoollee.”
Ykn., “gaariin.”
Ykn., “dhagaa ulfina namaaf argamsiisuu ti.”
Kal., “balleessaa haguugu.”
Kal., “bishaan gad yaasuu ti.”
Ykn., “hubannaa utuu hin qabaatin.”
Kal., “qalbii.”
Kal., “wanta gaarii.”
Ykn., “fayyisuuf.”
Ykn., “Abdii kutachuun.”
Ykn., “lafee gogsa.”
Kal., “Mattaʼaa bobaa keessa jiru.”
Ykn., “irratti adaba muruun.”
Kal., “hafuurri isaa qabbanaaʼaa dha.”
Ykn., “akkuma wanta sassataan liqimfamuu ti.”
Kal., “ol ni qabama,” jechuunis, bakka bira hin gaʼamnee fi amansiisaa taʼe.
Ykn., “Guutummaatti abdii kutachuu.”
Kal., “gargar ni baasa.”
Kal., “afaan.”
Ykn., “gaarummaa.”
Ykn., “Lubbuun.”
Kal., “miila isaatiin ariifatee.”
Ykn., “arjaa.”
Kal., “garaa.”
Ykn., “lubbuu isaatiif.”
Kal., “wanta gaarii.”
Ykn., “leenca saafelaa ti.”
Ykn., “Lubbuun.”
Ykn., “isa ni badhaasa.”
Ykn., “Duʼa isaa hin barbaadin.” Kal., “Duʼa isaatiif lubbuu kee hin kaasin.”
Ykn., “kaayyoo.”
Ykn., “Sodaachisuun.”
Ykn., “leenca saafelaa ti.”
Ykn tarii, “Yeroo makaraatti ni barbaada, garuu homaa hin argatu.”
Kal., “Gorsi.”
Kal., “Ilmaan.”
Ykn., “Dhagaan madaallii adda addaa lamaa fi miini safaraa adda addaa lama.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “nama biyya ormaatiif.”
Ykn., “Gorsaan.”
Ykn., “jabaatee ni dhaabbata.”
Ykn., “afaan isaatiin sossobutti.”
Ykn., “Dhagaan madaallii adda addaa lama.”
Ykn., “daandii irra deemu.”
Ykn., “kakaʼumsa.”
Ykn., “faayidaatti.”
Ykn tarii, “Warra duʼa barbaadaniif akkuma hurrii dafee baduu ti.”
Ykn., “Lubbuun nama hamaa.”
Ykn., “wanta godhu beeka.”
Kal., “bobaa jala jirus.”
Ykn., “gammachuu.”
Kal., “ni liqimsa.”
Ykn., “moʼuu.”
Ykn., “lubbuu isaa.”
Ykn., “Gocha qaanessaa taʼee wajjin.”
Kal., “bara baraaf dubbata.”
Ykn., “amansiisaa akka taʼu godha.”
Kal., “maqaan.”
Kal., “walitti fidu.”
Ykn., “adabnis.”
Ykn., “Mucaa; Dargaggeessa.”
Kal., “Inni ija gaarii qabu.”
Ykn., “Himannii.”
Kal., “keessummaa.” Fak 2:16 ilaali.
Ykn., “mucaa; dargaggeessaa.”
Ykn., “lubbuu isaanii ni fudhata.”
Ykn., “lubbuu kee.”
Ykn., “Lubbuu fedhiidhaan guutame.”
Ykn., “Of toʼadhu.”
Ykn tarii, “Hubannaa ofii keetii irraa deebiʼi.”
Jechuunis, goflaa.
Ykn., “nama ija hamaa qabu kamii iyyuu.”
Ykn., “lubbuu isaa keessatti ni shallaga.”
Kal., “garaan isaa si bira hin jiru.”
Kal., “inni isaan furu.”
Ykn., “Mucaa; Dargaggeessa.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuu isaa.”
Kal., “Kaleen koo.”
Ykn., “argadhu.”
Kal., “ormis.” Fak 2:16 ilaali.
Ykn., “fajajuun.”
Ykn., “dhandhamuuf walitti qabamaniif.”
Ykn., “na hin dhukkubne.”
Ykn., “Ammas isa nan barbaada.”
Ykn., “Maatiin.”
Ykn., “milkaaʼinni; fayyinni.”
Ykn., “Yeroo rakkinaatti.”
Jechuunis, qalamuuf.
Ykn., “kakaʼumsa.”
Ykn., “lubbuu kee.”
Ykn., “lubbuu keetiif miʼaawaa.”
Jechuunis, diina.
Ykn., “kan finiintu taʼuu kee hin argisiisin.”
Ykn., “warra jijjiirama fiduu barbaadaniis.”
Jechuunis, Yihowaa fi mooticha.
Ykn tarii, “Ifatti deebii kennuun akkuma dhungachuu ti.”
Ykn., “maatii.”
Ykn., “Isa nan argadha.”
Kal., “qalbii.”
Kal., “Adaba nan argadhe.”
Ykn., “Iccitii warra kaanii.”
Ykn., “jette jettee.”
Ykn., “lubbuu gooftaa isaa.”
Kal., “kennaa sobaa.”
Ykn., “garraamiinis.”
Ykn tarii, “gantuu taʼe.”
Ykn., “alkaalaayii.”
Kal., “Inni si jibbu.”
Kun namichi laafee amalli isaa inni jabaan akka baqu gochuu argisiisa.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “ejjennoo isaa laaffisu.” Kal., “nama hamaa duratti gatantaru.”
Ykn., “hafuura isaa hin toʼanne.”
Ykn tarii, “Abaarsi sirrii hin taanes nama irra hin gaʼu.”
Ykn., “Atis akka isaan hin qixxaannetti.”
Kal., “jeequmsa dhuguu ti.”
Ykn., “Akkuma miila nama naafaa rarraʼuu ti.”
Ykn., “wiirtuu.”
Ykn tarii, “lola warra kaanii gidduu galu.”
Ykn., “akkuma wanta sassataan liqimfamuu ti.”
Kal., “Hidhiiwwan bobaʼanii fi.”
Ykn., “Garaan isaa guutummaatti jibbisiisaa waan taʼeef.”
Kal., “dhalu.”
Kal., “Keessummaan.”
Kal., “Orma.”
Ykn tarii, “garaadhaa kan hin taane dha; kan dirqamaa ti.”
Ykn., “Lubbuun.”
Kal., “irra ni ejjeta.”
Ykn., “Lubbuun.”
Ykn., “baqattee baddee ti.”
Ykn., “lubbuu isaa irraa.”
Ykn., “adabnis.”
Kal., “fuula michuu isaa.”
Ykn., “Siʼoolii fi Abaadoon.”
Ykn., “Namnis akkuma galata isaaf dhihaatuu ti.”
Ykn., “Garaa kee hoolota kee irra kaaʼi; Hoolota keetiif xiyyeeffannaa kenni.”
Ykn., “leenca saafelaa.”
Ykn., “fincilli.”
Kal., “inni.”
Ykn., “Namni matumaa sodaa irraa bilisa taʼee hin beekne.”
Ykn., “dhiiga lubbuutiif.”
Ykn., “boollatti.”
Ykn., “sassatu.”
Ykn tarii, “Lubbuun of bokoksu.”
Kal., “ni cooma.”
Ykn., “akkuma didaa taʼetti itti fufu.”
Ykn., “balleessaa hin qabne.”
Ykn tarii, “Namni qajeelaan garuu lubbuu isaa eeggachuu barbaada.”
Kal., “hafuura.”
Kal., “walitti fidu.”
Jechuunis, jireenya kan isaaniif kennu isa dha.
Ykn., “Adabnii.”
Ykn., “lubbuu keetiif ni argamsiisa.”
Ykn., “mulʼanni raajii.”
Ykn., “lubbuu ofii isaa.”
Ykn., “kakaa abaarsa fidu.”
Ykn., “duratti hollachuun.”
Ykn., “duratti fudhatama argachuu.” Kal., “fuula bulchaa tokkoo.”
Kal., “kan ol kaase.”
Ykn., “hin xureessineefi.”
Kal., “bobbaa.”
Ykn., “Siʼoolii,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “laga gogaa.”
Ykn., “baayʼee na dinqisiisan.”
Ykn., “hin jaallatamne.”
Ykn., “buutu.”
Ykn., “baayʼee ogeeyyii.”
Kal., “saba.”
Ykn., “saba.”
Ykn., “gareedhaan wal hiranii.”
Ykn., “warra jireenyi itti hadhaaʼeef.”
Ykn., “gaarii.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Galii argattuunis.” Kal., “Firii harka ishii irraa argattuun.”
Kal., “jabinaan mudhii ishii hidhatti.”
Kal., “dachaa.”
Ykn., “Uffata quncee talbaa jalatti uffatamu.”
Ykn., “Guyyaa gara fuulduraatti ni kolfiti.”
Ykn., “Qajeelfamni jaalalaa; Seerri jaalala amanamaa.”
Ykn., “duwwaa taʼe.”
Kal., “Firii harka ishii irraa ishiidhaaf kennaa.”