LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt 2 Seenaa Baraa 1:1-36:23
  • 2 Seenaa Baraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 2 Seenaa Baraa
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
2 Seenaa Baraa

SEENAA BARAA LAMMAFFAA

1 Solomoon ilmi Daawit yeroo kam iyyuu caalaa mootummaa isaa irratti ni jabaate; Waaqni isaa Yihowaanis isaa wajjin ture; akka malees guddaa isa godhe.+

2 Solomoonis Israaʼelota hundumaatti, ajajjoota kumaatti, ajajjoota dhibbaatti, abbootii murtiitti, akkasumas geggeessitoota guutummaa Israaʼelitti argaman hundumaa warra dura buutota manneen abbootii taʼanitti dhaamsa ni dhaame. 3 Bakki sun iddoo dunkaanni walgaʼii Waaqa dhugaa, jechuunis dunkaanni Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe lafa onaa* keessatti hojjete itti argamu waan tureef, Solomoonii fi guutummaan gumichaa gara iddoo ol kaʼaa Gibeʼonitti+ argamu sanaa ni dhaqan. 4 Haa taʼu malee, Daawit Taabota Waaqa dhugaa sana Qiriyaat Yeʼariim+ irraa fuudhee gara iddoo isaaf qopheessetti fidee ture; Yerusaalem keessattis taabotichaaf dunkaana dhaabee ture.+ 5 Iddoon aarsaa Bezaaliʼel+ ilmi Uurii ilmi Huur sibiila diimaa+ irraa hojjete godoo qulqulluu Yihowaa dura kaaʼamee ture; Solomoonii fi gumichis isa duratti kadhannaa dhiheessu* turan. 6 Solomoonis achitti Yihowaa duratti aarsaawwan ni dhiheesse; iddoo aarsaa sibiila diimaa dunkaana walgaʼii sanaa irrattis aarsaawwan gubaman 1,000 ni dhiheesse.+

7 Halkan sana Waaqayyo Solomoonitti mulʼatee, “Wanta akkan siif kennu barbaaddu na gaafadhu” isaan jedhe.+ 8 Yeroo kanatti Solomoon Waaqayyoon akkana jedhe: “Ati abbaa koo Daawititti jaalala amanamaa guddaa taʼe argisiisteetta;+ anaanis bakka isaa mootii gooteetta.+ 9 Ammas yaa Yihowaa, ati saba baayʼina isaatiin kan kaʼe akka awwaara lafaa+ taʼe irratti mootii waan na gooteef, waadaan abbaa koo Daawitiif galte haa raawwatamu.+ 10 Ammas saba kana akkan geggeessuuf* ogummaa fi beekumsa naaf kenni;+ taʼuu baannaan saba kee isa guddaa taʼe kanaaf eenyutu murtii kennuu dandaʼa?”+

11 Achiis Waaqayyo Solomooniin akkana jedhe: “Hawwiin garaa keetii kana waan taʼeef, akkasumas ati qabeenya, sooruma, ulfina yookiin duʼa* namoota si jibbanii yookiin umurii dheeraa* gaafachuu mannaa ogummaa fi beekumsa saba ani mootii irratti si godheef murtii dabarsuuf si barbaachisu waan gaafatteef,+ 12 ogummaanii fi beekumsi siif ni kennama; haa taʼu malee, ani qabeenya, soorumaa fi ulfina si dura mootiin kam iyyuu hin qabnee fi si boodas eenyu iyyuu hin arganne siifan kenna.”+

13 Kanaafuu, Solomoon iddoo ol kaʼaa Gibeʼonitti+ argamu irraa, jechuunis dunkaana walgaʼii duraa baʼee gara Yerusaalem dhufe; innis Israaʼel irratti mootii ni taʼe. 14 Solomoon gaariiwwan fardaa fi fardeen* walitti qabuu isaa itti fufe; inni gaariiwwan fardaa 1,400 fi fardeen* 12,000 qaba ture;+ isaanis magaalota gaarii fardaa keessa,+ akkasumas Yerusaalem keessa naannoo mootichi jiraatu keessa akka jiraatan godhe.+ 15 Mootichi Yerusaalem keessa meetii fi warqiin akkuma dhagaatti baayʼinaan akka argamu godhe;+ mukti gaattiraas akkuma muka harbuu isa Shefelaa keessa jiruutti baayʼinaan akka argamu godhe.+ 16 Fardeen Solomoon biyya Gibxiitii fichisiifamu turan;+ daldaltoonni mootichaas tuuta fardeenii* sana gatii dhaabbataa taʼeen bitu turan.+ 17 Gaariin fardaa Gibxiidhaa fichisiifamu tokkoon tokkoon isaa meetii sheeqilii* 600 baasa ture; fardi tokkos meetii sheeqilii 150 baasa ture; isaan immoo deebisanii gara guutummaa mootota Heetotaa fi mootota Sooriyaatti isaan ergu turan.

2 Solomoon manni maqaa Yihowaatiif+ taʼuu fi manni* mootummaa+ isaatiif taʼu akka ijaaramu ajaja ni kenne. 2 Solomoon namoota hojii humnaa hojjetan* 70,000, namoota gaarota irratti dhagaa bocan 80,000+ fi warra ol aantummaadhaan isaan toʼatan 3,600 ni filate.+ 3 Kana malees, Solomoon akkana jedhee Hiiraam+ mootii Xiirositti dhaame: “Abbaan koo Daawit mana* keessa jiraatu akka ittiin ijaarratuuf muka gaattiraa akkuma isaaf ergite, anaafis muka gaattiraa ergi.+ 4 Ammas, ani isa duratti ixaana urgaaʼu aarsuuf,+ yeroo hundumaa daabboo wal irra tuulamu* achi kaaʼuuf,+ akkasumas ganamaa fi galgala,+ guyyoota Sanbataatti,+ guyyoota baatiiwwan haaraattii+ fi waqtiilee ayyaanaa+ Waaqa keenya Yihowaatti aarsaawwan gubaman dhiheessuuf, maqaa Waaqa koo Yihowaatiif mana ijaaruu fi isaaf qulqulleessuuf yaadeera. Kun, dirqama Israaʼelonni yeroo hundumaa raawwachuu qabani dha. 5 Waaqni keenya waaqolii kan biroo hundumaa irra kan caalu waan taʼeef, manni ani ijaaru guddaa ni taʼa. 6 Isaaf mana ijaaruu kan dandaʼu eenyu? Samiin, samiin samiiwwaniis isa baachuu hin dandaʼan;+ maarree bakka aarsaawwan aarfaman isa duratti itti dhihaatan hojjechuudhaan alatti mana isaaf ijaaruuf ani eenyu? 7 Ammas ogeessa harkaa, warqiidhaan, meetiidhaan, sibiila diimaadhaan,+ sibiilaan, suufii bifa dhiilgeetiin, foʼaa bifa bildiimaa fi bifa cuquliisaatiin hojjechuu irratti dandeettii qabu, akkasumas nama boca baasuu beeku naaf ergi. Innis namoota koo warra dandeettii ogummaa harkaa qaban, warra abbaan koo Daawit qopheessee wajjin Yihudaa fi Yerusaalem keessatti ni hojjeta.+ 8 Saanqaawwan muka gaattiraa, muka birbirsaa+ fi muka sandalii+ Libaanon irraa naaf ergi; ani tajaajiltoonni kee muka Libaanon+ muruu irratti muuxannoo akka qaban akka gaariitti nan beeka. Tajaajiltoonni koos tajaajiltoota kee wajjin hojjechuudhaan+ 9 saanqaawwan hedduu naaf qopheessu; sababiin isaas, manni ani ijaaru baayʼee guddaa ni taʼa. 10 Kunoo, anis tajaajiltoota kee warra qoraan falaxanii fi muka muraniif soorata akka taʼuuf, qamadii qorosii* 20,000, garbuu qorosii 20,000, daadhii wayinii baatii* 20,000 fi zayitii baatii 20,000 nan qopheessa.”+

11 Yeroo kanatti Hiiraam mootiin Xiiros ergaa barreeffamaa, “Yihowaan saba isaa waan jaallatuuf, ati mootii isaanii akka taatu godheera” jedhu Solomoonitti ni erge. 12 Achiis Hiiraam akkana jedhe: “Inni Daawit Mootichaaf ilma ogeessa+ dandeettii waa madaaluu fi hubannaa qabu+ isa mana Yihowaadhaaf taʼuu fi mana mootummaa isaatiif taʼu ijaaru waan kenneef, Yihowaan Waaqni Israaʼel inni samii fi lafa uume haa jajamu. 13 Anis ogeessa harkaa dandeettii fi hubannaa qabu, jechuunis Hiiraam Abii+ siif ergeera; 14 inni ilma dubartii gosa Daan taate tokkoo yeroo taʼu, abbaan isaa garuu nama biyya Xiirosi; inni, warqiidhaan, meetiidhaan, sibiila diimaadhaan, sibiilaan, dhagaadhaan, saanqaadhaan, suufii bifa dhiilgeetiin, foʼaa bifa cuquliisaatiin, huccuu baʼeessaan, akkasumas foʼaa bifa bildiimaatiin hojjechuudhaan muuxannoo qaba.+ Inni boca akaakuu hundumaa baasuu fi pilaanii isaaf kenname kam iyyuu hojjechuu ni dandaʼa.+ Inni namoota kee warra dandeettii ogummaa harkaa qabanii fi namoota abbaa kee gooftaa koo Daawit warra dandeettii ogummaa harkaa qabanii wajjin ni hojjeta. 15 Ammas gooftaan koo qamadii, garbuu, zayitii fi daadhii wayinii tajaajiltoota isaatiif kennuuf waadaa gale haa ergu.+ 16 Nutis Libaanonii+ mukeetii hamma ati barbaaddu murree walitti isaan hidhuudhaan galaanicha irra gara Yoopheetti+ siif ni finna; atis gara Yerusaalemitti isaan fudhatta.”+

17 Achiis Solomoon abbaan isaa Daawit namoota erga lakkaaʼee+ booda namoota biyya ormaa warra Israaʼel keessa jiraatan hundumaa ni lakkaaʼe;+ lakkoofsi isaaniis 153,600 taʼe. 18 Kanaafuu, inni namoota 70,000 warra hojii humnaa hojjetan,* namoota 80,000 warra gaarota irratti dhagaa bocan,+ akkasumas namoota 3,600 warra ol aantummaadhaan namoota sana hojjechiisan godhee ramade.+

3 Achiis Solomoon Yerusaalem keessatti, Gaara Mooriyaa+ isa Yihowaan abbaa isaa Daawititti itti mulʼatee ture,+ jechuunis iddoo Daawit bakka oobdii Ornaan+ Yebuusichaa irratti qopheesse irratti mana Yihowaa ijaaruu jalqabe.+ 2 Inni mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti, jiʼa lammaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa lammaffaatti manicha ijaaruu ni jalqabe. 3 Buʼuurri Solomoon mana Waaqa dhugaa ijaaruuf kaaʼe, akka safartuu duriitti* dheerinni isaa dhundhuma 60, dalgi isaa immoo dhundhuma 20 ture.+ 4 Barandaan inni fulduraa dheerinni isaa dhundhuma 20 yeroo taʼu, dalga manichaa wajjin qixxee ture; ol dheerinni isaas 20 ture;* innis keessa manichaa warqii qulqulluudhaan ni uwwise.+ 5 Inni mana isa guddaa muka birbirsaatiin ni uwwise; achiis warqii qulqulluudhaan ni uwwise;+ sana booda fakkiiwwan muka meexxii+ fi funcaawwaniin+ ni miidhagse. 6 Kana malees, inni manicha dhagoota mimmiidhagoo gatii guddaa qabaniin ni uwwise;+ warqiin+ inni itti fayyadames warqii Paarwaayim irraa dhufe ture. 7 Innis manicha, baattuuwwan baaxii isaa, gubaniiwwan balbalaa isaa, girgiddaawwan isaa fi balbaloota isaa warqiidhaan ni uwwise;+ girgiddaawwan isaa irrattis fakkii kiruubelotaa ni boce.+

8 Achiis inni kutaa* isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe ni ijaare;+ dheerinni isaa dalga manichaa wajjin qixxee kan ture yeroo taʼu, dhundhuma 20 ture; dalgi isaas dhundhuma 20 ture. Innis warqii baʼeessa taalaantii* 600n isa ni uwwise.+ 9 Ulfaatinni warqii mismaaronni ittiin tolfaman sanaa sheeqilii* 50 ture; inni kutaawwan baaxii irraa warqiidhaan ni uwwise.

10 Achiis kutaa* Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe keessatti bifawwan kiruubelotaa lama hojjetee warqiidhaan isaan uwwise.+ 11 Qoochoowwan* kiruubelotaa+ walumaa galatti dhundhuma 20 dheeratu turan; qoochoon kiruubel isa jalqabaa inni tokko dhundhuma shan kan dheeratu yeroo taʼu, innis girgiddaa manichaa ni tuqa ture; qoochoon isaa inni kan biraanis dhundhuma shan kan dheeratu yeroo taʼu, innis qoochoowwan kiruubel isa kan biraa keessaa isa tokko ni tuqa ture. 12 Akkasumas, qoochoon kiruubel isa kan biraa inni tokko dhundhuma shan kan dheeratu yeroo taʼu, innis girgiddaa manichaa isa kan biraa ni tuqa ture; qoochoon isaa inni kan biraanis dhundhuma shan kan dheeratu yeroo taʼu, innis qoochoowwan kiruubel isa jalqabaa keessaa isa tokko ni tuqa ture. 13 Qoochoowwan kiruubelotaa diriiran kun dhundhuma 20 turan; kiruubelonni kunis fuula isaanii gara keessaatti* garagalchanii miila isaaniitiin dhaabbatanii turan.

14 Kana malees, inni foʼaa bifa cuquliisaatiin, suufii bifa dhiilgeetiin, foʼaa bildiimaatiin, akkasumas huccuu baʼeessaan golgaa+ tolchee, bifawwan kiruubel irratti ni dhaʼe.+

15 Achiis fuuldura manichaatti utubaawwan+ dhundhuma 35 dheeratan lama ni hojjete; gubbeen tokkoon tokkoon mataa utubaa sanaa irra jirus dhundhuma shan ture.+ 16 Inni funcaawwan amartii mormaa fakkaatan hojjetee mataa utubaawwan sanaa irra ni kaaʼe; romaanota 100 hojjetees funcaawwan sana irra ni kaaʼe. 17 Inni utubaawwan sana isa tokko gara mirgaa,* isa tokko immoo gara bitaa* godhee fuuldura mana qulqullummaa ni dhaabe; achiis isa gara mirgaa jiru Yaakiin,* isa gara bitaa jiru immoo Boʼaaz* jedhee moggaase.

4 Achiis iddoo aarsaa sibiila diimaa dheerinni isaa dhundhuma 20, dalgi isaa dhundhuma 20 fi ol dheerinni isaa dhundhuma 10 taʼe ni hojjete.+

2 Sibiila baqfameen Galaanicha*+ ni hojjete. Bocni isaa geengoo ture; afaan isaa gar tokkoo hamma gara isa kaaniitti dhundhuma 10 yeroo taʼu, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma 5 ture; naannoon isaa wadaroo safaraatiin dhundhuma 30 ture.+ 3 Afaan Galaanichaa jala dhundhuma tokko tokko keessatti faayaan buqqee+ kudhan kudhan itti naanneffamee jira ture. Buqqeen sunis tarree lamaan Galaanichaa wajjin tokko taʼee kan hojjetame ture. 4 Galaanichi qotiyyoo+ 12 irra kan taaʼe yeroo taʼu, qotiyyoon 3 gara kaabaatti, 3 gara dhihaatti, 3 gara kibbaatti, 3 immoo gara bahaatti garagalanii turan; Galaanichis isaan irra taaʼee ture; duubni hunda isaaniis gara walakkaatti kan seene ture. 5 Furdinni isaa hamma balʼina barruu harkaa* ture; afaan isaa afaan shinii fi abaaboo daraare fakkaata ture. Innis safartuu baatii* 3,000 baata* ture.

6 Kana malees, inni miʼawwan bishaanii dhiqannaadhaaf taʼan kudhan hojjetee, shan gara mirgaa, shan immoo gara bitaa kaaʼe.+ Isaan wantoota aarsaawwan gubamaniif oolan achi keessatti dhiqu turan.+ Galaanicha garuu lubootatu itti dhiqata ture.+

7 Achiis inni akkuma qajeelfama kennameetti+ baattuuwwan ibsaa kudhan warqii irraa hojjetee,+ mana qulqullummaa keessa shan gara mirgaa, shan immoo gara bitaa ni kaaʼe.+

8 Kana malees minjaalota kudhan hojjetee, mana qulqullummaa keessa shan gara mirgaa, shan immoo gara bitaa ni kaaʼe;+ akkasumas warqii irraa saaniiwwan golboo 100 ni hojjete.

9 Achiis mooraa+ lubootaa+ fi mooraa isa guddaa,+ akkasumas balbaloota mooraa sanaa ni hojjete; balbaloota isaaniis sibiila diimaadhaan ni uwwise. 10 Galaanichas gara mirgaa, jechuunis kallattii kibba bahaatiin ni kaaʼe.+

11 Kana malees Hiiraam miʼawwan daaraa, akaafaawwanii fi saaniiwwan golboo ni hojjete.+

Kanaafuu, Hiiraam mana Waaqa dhugaa ilaalchisee hojiiwwan Solomoon Mootichaaf hojjetu ni xumure;+ 12 isaanis, utubaawwan lamaan,+ akkasumas gubbeewwan boca saanii golboo qabanii fi mataa utubaawwan lamaan irra jiran, saaphanawwan+ lamaan warra gubbeewwan boca saanii golboo qabanii fi mataa utubaawwan sana irra jiran lamaan miidhagsuuf oolan, 13 romaanota+ 400 saaphanawwan lamaaniif tolfaman, jechuunis romaanota tokkoon tokkoon saaphanaa irratti tarree lamaan jiranii fi gubbeewwan boca saanii golboo qaban lamaan warra utubaawwan sana irra jiran miidhagsuuf hojjetaman,+ 14 gaariiwwan* kurnanii fi miʼawwan bishaanii kurnan warra gaariiwwan sana irra jiran,+ 15 Galaanichaa fi qotiyyoowwan 12 warra isa jala jiran,+ 16 akkasumas miʼawwan daaraa, akaafaawwan, shukkaawwanii+ fi miʼawwan isaanii hundumaa Hiiraam Abiiw+ mana Yihowaatiif akka oolaniif sibiila diimaa cululuqfame irraa Solomoon Mootichaaf ni hojjete. 17 Mootichi koonyaa Yordaanos keessatti Suukootii+ fi Zeredaa gidduutti miʼawwan suphee boca baasuuf oolanitti fayyadamee miʼawwan kun baqfamanii akka tolfaman godhe. 18 Solomoonis miʼawwan kana hundumaa baayʼinaan ni hojjete; ulfaatinni sibiila diimaa hammi isaa hin beekamu ture.+

19 Solomoon mana Waaqa dhugaatiif miʼawwan+ kana hundumaa ni hojjete: iddoo aarsaa warqii,+ minjaalawwan+ daabboon ilaalchaa* irra kaaʼamu,+ 20 baattuuwwan ibsaa fi ibsaawwan isaanii warra akkuma qajeelfama kennameetti kutaa isa keessaa fuulduratti akka ifaniif warqii qulqulluu irraa tolfaman,+ 21 abaaboowwan, ibsaawwanii fi qabduuwwan warqii irraa, jechuunis warqii hundumaa caalaa qulqulluu taʼe irraa tolfaman, 22 dhaamsituuwwan ibsaa, saaniiwwan golboo, xoofoowwan, qodaawwan ibiddaa warra warqii qulqulluu irraa tolfaman, akkasumas karra manichaa, balbaloota Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe+ sanaa warra keessaan jiranii fi balbaloota mana qulqullummaa warra warqii irraa tolfaman.+

5 Kanaafuu, Solomoon hojiiwwan mana Yihowaatiif hojjechuu qabu hunda hojjetee xumure.+ Sana booda Solomoon wantoota abbaan isaa Daawit qulqulleesse achitti ni galche;+ meeticha, warqichaa fi miʼawwan sana hundas manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa keessa ni kaaʼe.+ 2 Yeroo sanatti Solomoon jaarsolii Israaʼel, dura buutota gosootaa hundumaa fi dura buutota abbootii manneen Israaʼel walitti ni qabe. Isaanis taabota kakuu Yihowaa Xiyoon+ ishii Magaalaa Daawit+ taate keessaa fiduuf gara Yerusaalem ni dhufan. 3 Namoonni Israaʼel hundis ayyaana* isa jiʼa torbaffaatti ayyaaneffatamu irratti mooticha duratti walitti ni qabaman.+

4 Jaarsoliin Israaʼel hundis ni dhufan; Leewwonnis Taaboticha ol fuudhanii baatan.+ 5 Isaanis Taaboticha, dunkaana walgaʼii+ fi miʼawwan qulqulluu dunkaanicha keessa jiran hundumaa ni fidan. Luboonnii fi Leewwonni* wantoota kana ni fidan. 6 Solomoon Mootichii fi guutummaan yaaʼii Israaʼel warri gara isaa akka dhufan waamaman Taabota sana dura jiru turan. Hoolonnii fi loon baayʼina isaaniitiin kan kaʼe lakkaaʼamuu hin dandeenye hedduunis aarsaa godhamanii dhihaatan.+ 7 Achiis luboonni taabota kakuu Yihowaa sana fidanii kutaa manichaa isa keessaa, jechuunis Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe keessa qoochoowwan kiruubelotaa sana jala bakka isaaf qophaaʼe ni kaaʼan.+ 8 Kanaafuu, qoochoowwan kiruubelotaa sun bakka Taabotichi taaʼu irratti diriiranii turan; kanaan kan kaʼes, kiruubelonni sun Taabotichaa fi danqaraawwan+ isaa gubbaadhaan golganii turan. 9 Danqaraawwan sun baayʼee dhedheeroo waan turaniif, Kutaa Qulqulluu kutaa isa keessaa fuuldura jiru keessa dhaabbatanii fiixeewwan isaanii arguun ni dandaʼama ture; alaan garuu arguun hin dandaʼamu ture. Isaanis hamma harʼaatti achitti ni argamu. 10 Gabateewwan dhagaa lamaan yommuu sabni Israaʼel biyya Gibxiitii baʼanii+ fi Yihowaan isaanii wajjin kakuu galetti+ Museen Horeebitti achi keessa kaaʼeen+ alatti wanti kan biraan Taaboticha keessa hin jiru ture.

11 Yommuu luboonni iddoo qulqulluu sanaa gad baʼan (sababiin isaas, luboonni achitti argaman hundi gareen isaanii maal iyyuu yoo taʼe,+ of qulqulleessanii turan),+ 12 faarfattoonni Leewwotaa+ warri kan Asaaf,+ kan Hemaan,+ kan Yedutuun,+ akkasumas kan ilmaan isaanii fi kan obboloota isaanii taʼan hundi huccuu baʼeessa uffatanii, siimbaalii,* meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii fi baganaa qabatanii turan; isaan iddoo aarsaa irraa gara bahaatti dhaabbatanii turan; isaanii wajjinis luboonni malakata afuufan 120ni jiru turan.+ 13 Yeroo warri malakata afuufanii fi warri faarfatan tokkummaadhaan Yihowaa jajatanii fi galateeffatanitti, akkasumas yeroo isaan sagalee malakataa, sagalee siimbaalii fi sagalee meeshaawwan muuziqaa dhageessisanii, “Inni gaarii dha; jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata”+ jedhanii Yihowaa jajanitti, manichi, jechuunis manni Yihowaa duumessaan ni guutame.+ 14 Ulfinni Yihowaa mana Waaqa dhugaa waan guuteef, duumessichaan kan kaʼe luboonni achi dhaabbatanii tajaajiluu hin dandeenye.+

6 Yeroo kanatti Solomoon akkana jedhe: “Yihowaan duumessa gurraacha keessa akka jiraatu dubbateera.+ 2 Ani mana ulfina qabeessa iddoo dhaabbataa ati bara baraaf keessa jiraattu+ siif ijaareera.”

3 Achiis mootichi guutummaan gumii Israaʼel utuma dhaabbatee jiruu garagalee guutummaa gumii Israaʼel eebbisuu jalqabe.+ 4 Akkana jedhe: “Yihowaan Waaqni Israaʼel haa jajamu; inni akkana jechuudhaan waadaa afaanuma isaatiin abbaa koo Daawitiif gale harkuma isaatiin raawwateera: 5 ‘Guyyaa ani saba koo Israaʼeliin Gibxiidhaa itti baasee jalqabee mana maqaan koo ittiin waamamu achitti ijaaruuf gosoota Israaʼel hundumaa keessaa magaalaa tokko illee hin filanne;+ saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taʼuufis nama tokko illee hin filanne. 6 Haa taʼu malee, maqaan koo achitti ulfina akka argatuuf Yerusaalemiin filadheera;+ saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taʼuufis Daawitiin filadheera.’+ 7 Abbaan koo Daawitis mana maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif taʼu ijaaruun hawwii garaa isaa ture.+ 8 Yihowaan garuu abbaa koo Daawitiin akkana jedhe: ‘Mana maqaa kootiif taʼu ijaaruun hawwii garaa keetii ture; garaa keetti kana hawwuun kee gaarii dha. 9 Haa taʼu malee, ati manicha hin ijaartu; kanaa mannaa mana maqaa kootiif taʼu kan ijaaru ilma kee isa si irraa dhalatu* dha.’+ 10 Yihowaan waadaa gale raawwateera; akkuma Yihowaan waadaa galettis+ ani bakka abbaa koo Daawit buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeera.+ Kana malees, ani mana maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif taʼu ijaareera; 11 akkasumas, Taabota isa kakuu Yihowaan saba Israaʼelii wajjin gale qabate+ achi kaaʼeera.”

12 Achiis inni iddoo aarsaa Yihowaa dura, guutummaa gumii Israaʼel fuuldura dhaabbatee harka isaa ol ni kaase.+ 13 (Solomoon sibiila diimaa irraa waltajjii hojjetee mooraa sana walakkaa kaaʼee ture.+ Waltajjichi dheerinni isaa dhundhuma* shan, dalgi isaa dhundhuma shan, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma sadii ture; innis achi irra ni dhaabbate.) Achiis guutummaa gumii Israaʼel duratti jilbeenfatee harka isaa gara samiitti ol kaasuudhaan,+ 14 akkana jedhe: “Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, tajaajiltoota isaa warra garaa isaanii guutuudhaan isa dura deemaniif kakuu isaa kan eeguu fi jaalala amanamaa kan argisiisu samii irrattis taʼe lafa irratti Waaqni akka keetii hin jiru.+ 15 Ati waadaa tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte eegdeetta.+ Waadaa afaanuma keetiin galtes harʼa harkuma keetiin raawwatteetta.+ 16 Ammas yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, waadaa, ‘Akkuma ati na dura deemte, ilmaan kee akka seera kootti deemuudhaan daandii isaaniitiif xiyyeeffannaa yoo kennan, sanyii kee keessaa namni teessoo Israaʼel irra taaʼu matumaa na duraa hin dhabamu’+ jettee tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegi.+ 17 Ammas yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, waadaan ati tajaajilaa kee Daawitiif galte haa raawwatamu.

18 “Garuu Waaqni dhuguma ilmaan namootaa wajjin lafa irra ni jiraataa?+ Kunoo, samiin, eeyyee samiin samiiwwanii si baachuu hin dandaʼan;+ manni ani ijaare kun immoo hammam haa xinnaatu ree!+ 19 Ammas yaa Waaqa koo Yihowaa, kadhannaa tajaajilaan kee dhiheessuu fi wawwaannaa inni fudhatama argachuuf dhiheessu xiyyeeffannaadhaan dhagaʼi; iyya tajaajilaan kee gargaarsa argachuuf dhiheessuu fi kadhannaa si duratti dhiheessu dhaggeeffadhu. 20 Kadhannaa tajaajilaan kee gara bakka kanaatti dhiheessu dhagaʼuuf, guyyaa fi halkan ijji kee gara mana bakka maqaan kee ittiin waamamu+ akka taʼu dubbatte kanaatti kan baname haa taʼu. 21 Wawwaannaa tajaajilaan kee gargaarsa argachuuf dhiheessuu fi sabni kee Israaʼel gara bakka kanaatti kadhannaa gochuudhaan wawwaannaa dhiheessan dhagaʼi;+ bakka jireenyaa kee samii keessaa dhagaʼi;+ eeyyee, dhagaʼi; dhiifamas godhi.+

22 “Namni tokko nama kan biraa irratti cubbuu yoo hojjetee fi akka kakatu yoo godhame,* kakaa* isaa sanattis kan itti gaafatamu yoo taʼe, utuu kakaa* sana jala jiruus iddoo aarsaa keetii isa mana kana keessa jiru duratti yoo dhihaate,+ 23 ati samii keessaa dhagaʼi; isa hamaadhaaf akka hojii isaatti isaaf deebisuudhaan, akkasumas wanta inni raawwate mataa isaa irratti deebisuudhaan,+ isa qajeelaa taʼe immoo qulqulluu* taʼuu isaa ibsitee akka qajeelummaa isaatti isa kiisuudhaan+ tarkaanfii fudhadhu; tajaajiltoota keetiifis murtii kenni.

24 “Akkasumas, sabni kee Israaʼel irra deddeebiʼanii si irratti cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe diinota isaaniitiin yommuu moʼamanitti,+ deebiʼanii maqaa keetiif ulfina yoo kennan,+ mana kana keessatti si duratti yoo kadhannaa dhiheessanii+ fi fudhatama argachuuf yoo kadhatan,+ 25 ati samii keessaa dhagaʼiitii+ cubbuu sabni kee Israaʼel hojjeteef dhiifama godhi; gara biyya isaanii fi abbootii isaaniitiif kennitettis isaan deebisi.+

26 “Isaan irra deddeebiʼanii si irratti cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe+ samiin cufamee bokkaan roobuu yommuu didutti,+ ati gad waan isaan qabdeef* isaan gara iddoo kanaatti kadhannaa yoo dhiheessan, maqaa keetiif ulfina yoo kennanii fi cubbuu isaanii irraa yoo deebiʼan,+ 27 samii keessaa isaan dhagaʼiitii cubbuu tajaajiltoota kee saba Israaʼeliif dhiifama godhi; daandii isa gaarii irra deemuu qaban isaan barsiisi;+ biyya kee isa saba keetiif dhaalaan kennite irrattis bokkaa roobsi.+

28 “Biyyattii irratti beelli+ yookiin golfaan+ yookiin bubbeen waxalu yookiin waagiin+ yookiin hoomaan awwaannisaa yookiin awwaannisni* hin quufne+ yoo dhufe yookiin diinonni isaanii magaalota biyyattii* kamitti iyyuu yoo isaanitti marsan+ yookiin dhaʼichi yookiin dhukkubni kan biraan akkamii iyyuu yoo uumame,+ 29 namni kam iyyuu yookiin sabni kee Israaʼel hundi (namni hundi madaa ofii isaa fi dhiphina ofii isaa waan beekuuf)+ kadhannaa akkamii iyyuu dhiheessuuf,+ akkasumas fudhatama argachuuf wawwaannaa akkamii iyyuu dhiheessuuf+ harka isaanii gara mana kanaatti yommuu ol kaasan,+ 30 bakka jireenyaa kee+ samii keessaa dhagaʼiitii dhiifama godhi;+ garaa isaa kan beeku si waan taʼeef (dhugumaan garaa namaa kan beeku si qofa dha)+ tokkoon tokkoon namaatiif akka daandiiwwan isaa hundumaatti isaaf deebisi; 31 kunis, biyya ati abbootii keenyaaf kennite keessa yeroo jiraatan hundumaatti daandiiwwan kee irra deemuudhaan akka si sodaataniifi.

32 “Kana malees, namni biyya ormaa saba kee Israaʼel keessaa hin taanee fi maqaa kee isa guddaa,+ harka kee isa jabaa fi irree kee isa diriirfameen kan kaʼe biyya fagoodhaa dhufee gara mana kanaatti kadhannaa yoo dhiheesse,+ 33 ati bakka jireenyaa kee samii keessaa dhagaʼi; sabni lafa irraa hundi akkuma saba kee Israaʼel maqaa kee akka beekanii+ fi akka si sodaataniif, akkasumas maqaan kee mana ani ijaare kana irratti akka waamamu akka beekaniif, wanta namni biyya ormaa sun si kadhate hunda isaaf godhi.

34 “Sabni kee diinota isaanii waraanuuf karaa ati isaan ergite irra yoo deeman,+ isaanis gara kallattii magaalaa ati filatte kanaattii fi gara mana ani maqaa keetiif ijaare kanaatti+ kadhannaa yoo dhiheessan,+ 35 ati samii keessaa kadhannaa isaanii fi wawwaannaa isaan fudhatama argachuuf dhiheessan dhagaʼi; murtiis isaaniif kenni.+

36 “Isaan si irratti cubbuu yoo hojjetan (silaa namni cubbuu hin hojjenne hin jiru),+ atis isaanitti baayʼee aartee diina tokkotti dabarsitee yoo isaan kennite, warri isaan boojiʼan sunis boojuudhaan gara biyya fagoos taʼe dhihootti yoo isaan geessan,+ 37 isaaniis biyya boojuudhaan itti fudhataman keessa utuu jiranii gara qalbii isaaniitti yoo deebiʼanii fi gara keetti yoo garagalan, biyya boojuudhaan itti fudhataman sana keessa utuu jiraniis, ‘Cubbuu fi dogoggora raawwanneerra; hammina raawwanneerra’ jedhanii fudhatama argachuuf yoo si kadhatan,+ 38 isaanis biyya boojuudhaan itti fudhataman keessa utuu jiranii+ garaa isaanii guutuu fi lubbuu* isaanii guutuudhaan gara keetti yoo deebiʼan,+ gara kallattii biyya isaanii isa ati abbootii isaaniitiif kennitettii fi magaalaa ati filatteetti,+ akkasumas gara mana ani maqaa keetiif ijaaretti kadhannaa yoo dhiheessan, 39 ati bakka jireenyaa kee samii keessaa kadhannaa isaanii fi wawwaannaa isaan fudhatama argachuuf dhiheessan dhagaʼi; murtiis isaaniif kenni;+ saba kee warra si irratti cubbuu hojjetaniif dhiifama godhi.

40 Ammas yaa Waaqa koo, maaloo, kadhannaa bakka kanatti* dhihaatu ilaalchisee ijji kee kan baname, gurri kees xiyyeeffannaadhaan kan dhagaʼu haa taʼu.+ 41 Ammas yaa Yihowaa, Taabota jabina keetii wajjin gara bakka boqonnaa keetiitti+ ol baʼi. Yaa Yihowaa, luboonni kee fayyina haa gonfatan; warri siif amanamoo taʼanis gaarummaa keetiin haa gammadan.+ 42 Yaa Yihowaa, isa dibde sana hin gatin.*+ Jaalala amanamaa tajaajilaa kee Daawititti argisiistes yaadadhu.”+

7 Solomoon kadhannaa isaa akkuma xumureen,+ ibiddi samii irraa buʼee+ aarsaa gubamuu fi aarsaawwan kan biroo ni nyaate; ulfinni Yihowaas manicha ni guute.+ 2 Ulfinni Yihowaa mana Yihowaa guutee waan tureef, luboonni gara mana Yihowaatti seenuu hin dandeenye.+ 3 Namoonni Israaʼel hundi, yommuu ibiddichi gad buʼuu fi ulfinni Yihowaa manicha irratti mulʼatu ilaalaa turan; isaanis adda isaaniitiin lafa dhagaan irra afame irratti gombifamanii sagaduudhaan, “Inni gaarii dha; jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” jedhanii Yihowaa galateeffatan.

4 Achiis mootichii fi namoonni sun hundi Yihowaa duratti aarsaawwan ni dhiheessan.+ 5 Solomoon Mootichi loon 22,000 fi hoolota 120,000 aarsaa godhee ni dhiheesse. Akka kanaan mootichii fi namoonni sun hundi mana Waaqa dhugaa ni eebbisan.+ 6 Akkuma Leewwota meeshaa muuziqaa faarfannaa Yihowaa ittiin deggeran qabatan sanaatti, luboonnis bakka hojii isaanii akka hojjetan itti ramadaman dhaabbatanii turan.+ (Daawit Mootichi meeshaawwan muuziqaa kana kan hojjete, yommuu isaanii* wajjin taʼee isa jajatutti, “Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” jechuudhaan Yihowaa galateeffachuuf ture.) Israaʼelonni hundi dhaabbatanii utuu jiranii, luboonni isaan duratti guddisanii malakata afuufu turan.+

7 Iddoon aarsaa sibiila diimaa+ inni Solomoon hojjete, aarsaawwan gubaman,+ aarsaawwan midhaanii+ fi cooma+ sana qabachuu waan hin dandeenyeef, Solomoon aarsaawwan gubamanii fi cooma aarsaawwan gamtaa sana achitti dhiheessuuf, gidduu mooraa isa mana Yihowaa dura jiru ni qulqulleesse. 8 Yeroo sanatti Solomoon guutummaa Israaʼel, jechuunis gumii guddaa biyya Lebo Hamaatii* hanga Laga Gogaa* Gibxiitti+ argamu irraa dhufee wajjin guyyaa torbaaf ayyaanicha ni ayyaaneffate.+ 9 Haa taʼu malee, isaan guyyaa* torbaaf iddoo aarsaa waan eebbisaniif, akkasumas guyyaa torbaaf ayyaanicha waan ayyaaneffataniif, guyyaa saddeettaffaatti walgaʼii qulqulluu ni godhatan.+ 10 Innis jiʼa torbaffaa keessaa guyyaa 23ffaatti namoota sana ni geggeesse; isaanis gaarummaa Yihowaan Daawititti, Solomoonii fi saba isaa Israaʼelitti argisiiseen kan kaʼe ililchaa+ fi garaan isaanii gammadaa gara mana mana isaanii deeman.+

11 Akka kanaan Solomoon mana Yihowaa fi mana mootichaa ijaaree xumure;+ akkasumas mana Yihowaa fi mana ofii isaa ilaalchisee Solomoon wanta garaa isaatti yaade hundumaa raawwachuu irratti milkaaʼina ni argate.+ 12 Achiis Yihowaan halkaniin Solomoonitti mulʼatee+ akkana isaan jedhe: “Kadhannaa kee dhagaʼeera; mana aarsaan itti dhihaatu akka taʼuufis iddoo kana ofii kootiif filadheera.+ 13 Ani samii yoon cufee fi bokkaan roobuu yoo dide, biyyattii akka nyaatuuf kuruphisa yoon ajajee fi saba koo gidduutti golfaa yoon erge, 14 sabni koo warri maqaa kootiin waamaman+ yoo gad of qaban,+ kadhannaa yoo dhiheessan, fuula koo yoo barbaaddatanii fi daandii isaanii isa hamaa irraa yoo deebiʼan,+ ani samii keessaa isaan nan dhagaʼa; cubbuu isaanii isaaniif nan dhiisa; biyya isaaniis nan fayyisa.+ 15 Ammas, kadhannaa bakka kanatti dhihaatu ilaalchisee ijji koo kan baname, gurri koos xiyyeeffannaadhaan kan dhagaʼu ni taʼa.+ 16 Maqaan koo yeroo hundumaaf achi akka taʼuuf ani mana kana filadheera; qulqulleesseeras;+ ijji koo fi garaan koos yeroo hunda achi ni taʼa.+

17 “Atis, wantan si ajaje hundumaa hojjechuudhaan akkuma abbaan kee Daawit deemetti na dura yoo deemte, dambiiwwan koo fi murtiiwwan kootiif yoo ajajamte,+ 18 akkuman, ‘Sanyii kee keessaa namni Israaʼel irratti bulchu matumaa hin dhabamu’+ jedhee abbaa kee Daawitii wajjin kakuu galetti+ teessoo mootummaa kee jabeessee nan dhaaba.+ 19 Haa taʼu malee, isin yoo ana irraa garagaltan, dambiiwwan koo fi ajajawwan koo warra ani isin dura kaaʼe eeguu yoo dhiistan, dhaqxaniis waaqolii kan biroo yoo tajaajiltanii fi yoo isaaniif sagaddan,+ 20 biyya koo isan isaaniif kenne irraa Israaʼeliin nan buqqisa;+ mana ani maqaa kootiif qulqulleesse kanas ija koo duraa nan gata; innis saba hundumaa gidduutti kan tuffatamuu* fi kan itti qoosamu akka taʼu nan godha.+ 21 Manni kunis tuullaa diiggaa ni taʼa. Namoonni achiin darban hundis ajaaʼibsiifatanii ilaaluudhaan,+ ‘Yihowaan biyya kanaa fi mana kana irratti akkana kan godhe maaliifi?’ jedhu.+ 22 Achiis, ‘Isaan Waaqa abbootii isaanii kan taʼe Yihowaa isa biyya Gibxiitii isaan baase+ dhiisanii+ waaqolii kan birootti waan goraniif, waan isaaniif sagadanii fi waan isaan tajaajilaniifi.+ Inni rakkina kana hundumaa kan isaanitti fide kanaafi’ jedhu.”+

8 Solomoon waggaa 20 keessatti mana Yihowaa fi mana* ofii isaa ijaaree xumure.+ 2 Sana booda, Solomoon magaalota Hiiraam+ isaaf kenne deebisee ni ijaare; Israaʼelotas* achi ni qubachiise. 3 Kana malees, Solomoon gara Hamaat Zoobaa deemee ishii ni qabate. 4 Achiis lafa onaa keessatti Taadmooriin ni ijaare;* akkasumas, magaalota miʼa itti kuusan warra Hamaat+ keessatti hojjete hundumaa ni ijaare.+ 5 Kana malees, inni Beet Hooron Ishii Olii+ fi Beet Hooron Ishii Gadii+ warra magaalota dahoo dallaa, balbalaa fi danqaraa qaban ni ijaare; 6 akkasumas, inni Baʼaalaatii+ fi magaalota Solomoon miʼa itti kuusu hundumaa, magaalota gaarii fardaa hundumaa,+ magaalota abbootii fardeenii fi wanta Solomoon Yerusaalem, Libaanonii fi guutummaa biyya bulchiinsa isaa jala jiru keessatti ijaaruu barbaade hundumaa ni ijaare.

7 Namoota Heetota, Amoorota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota+ irraa hafan, warra Israaʼelota hin taane hundumaa,+ 8 sanyiiwwan isaanii warra biyyattii keessatti hafanii fi Israaʼelonni utuu isaan hin balleessin dhiisan+ sana hojii dirqamaa akka hojjetaniif Solomoon isaan ni filate; isaan hamma harʼaatti ni hojjetu.+ 9 Haa taʼu malee, Solomoon hojii isaatiif Israaʼelota keessaa eenyuun iyyuu garba hin godhanne;+ kanaa mannaa isaan loltoota isaa, geggeessitoota ajajjoota raayyaa waraanaa isaa, ajajjoota warra gaarii fardaa oofanii fi ajajjoota abbootii fardeenii isaa turan.+ 10 Ajajjoonni bulchitootaa Solomoon Mootichaa warri ol aantummaadhaan namoota sana hojjechiisan+ 250 turan.

11 Kana malees Solomoon, “Ishiin haadha manaa tiyya yoo taate iyyuu, iddoowwan Taabonni Yihowaa itti seene qulqulluu waan taʼaniif,+ ishiin mana Daawit isa mootii Israaʼel taʼe keessa jiraachuu hin qabdu” jedhee yaaduudhaan, intala Faraʼoon+ Magaalaa Daawit keessaa fuudhee gara mana ishiidhaaf ijaaretti ishii fide.+

12 Achiis Solomoon iddoo aarsaa+ Yihowaa isa barandicha fuulduratti+ ijaare irratti aarsaawwan gubaman Yihowaadhaaf ni dhiheesse.+ 13 Innis barsiifata guyyaa guyyaadhaan ture sana hordofuudhaan, akkuma Museen ajajetti guyyoota Sanbataatti,+ guyyoota baatii haaraattii+ fi ayyaanota waggaatti siʼa sadii ayyaaneffatamuu qabanitti,+ jechuunis yeroo Ayyaana Maxinootti,+ yeroo Ayyaana Torbeewwaniittii+ fi yeroo Ayyaana Daasiitti*+ aarsaawwan ni dhiheesse. 14 Dabalataanis inni akka seera abbaan isaa Daawit kennetti tajaajila isaaniitiif gareewwan lubootaa ni muude;+ akkasumas akkuma barsiifata guyyaa guyyaadhaan turetti isaan luboota duratti Waaqayyoon akka jajatanii+ fi akka tajaajilaniif gareewwan Leewwotaa iddoo hojii isaanii irratti ni muude; karra eegdotas akka garee garee isaaniitti karrawwan adda addaa irratti ni ramade;+ kunis ajaja Daawit inni nama Waaqa dhugaa taʼe sun kenne ture. 15 Isaan, dhimma kam iyyuu irratti yookiin dhimma manneen kuusaa wajjin wal qabate irratti ajaja mootichi lubootaa fi Leewwotaaf kenne irraa hin jalʼanne. 16 Kanaafuu, guyyaa buʼuurri mana Yihowaa itti kaaʼamee jalqabee+ hamma manichi xumuramutti hojiin Solomoon hundi akka gaariitti kan qindaaʼe* ture. Akka kanaan hojiin mana Yihowaa guutummaatti ni xumurame.+

17 Sana booda, Solomoon gara Eexiyoon Geberii+ fi gara Eeloot+ warra biyya Edoom+ keessa qarqara galaanichaatti argamanii ni deeme. 18 Hiiraamis+ dooniiwwanii fi namoota doonii irratti hojjechuudhaan muuxannoo qaban karaa tajaajiltoota ofii isaa isaaf ni erge. Isaanis tajaajiltoota Solomoonii wajjin gara Ofiir+ dhaqanii warqii+ taalaantii* 450 achii fuudhanii Solomoon Mootichaaf fidan.+

9 Mootuun biyya Sheebaa+ waaʼee Solomoon dhageessee, gaaffiiwwan ulfaatoo taʼaniin* isa qoruuf gara Yerusaalem ni dhufte. Ishiinis namoota hedduu of duukaa buustee, zayitii baalsaamii,* warqii hedduu+ fi dhagoota gatii guddaa qaban gaalotatti feetee dhufte. Gara Solomoonitti seentees waan garaa ishii hundumaa isatti himte.+ 2 Solomoonis gaaffiiwwan ishii hunda ni deebiseef. Wanti Solomoon ishiidhaaf ibsuun isa rakkise* tokko illee hin jiru ture.

3 Mootuun Sheebaa ogummaa Solomoon qabu,+ mana inni ijaare,+ 4 nyaata maaddii isaa irratti dhihaatu,+ akkaataa tajaajiltoonni isaa itti taaʼan, akkaataa keessummeessitoonni isaa maaddii irratti itti keessummeessanii fi akkaataa uffannaa isaanii, warra dhugaatii dhiheessanii fi akkaataa uffannaa isaanii, akkasumas aarsaawwan gubaman warra inni yeroo hunda mana Yihowaa keessatti dhiheessu+ yommuu argitu wanta jettu wallaalte.* 5 Kanaafuu, mootichaan akkana jette: “Wantoota ati raawwattee* fi ogummaa kee ilaalchisee wanti ani biyya kootti dhagaʼe dhugaa dha. 6 Haa taʼu malee, hamman dhufee ija kootiin argutti oduu kana hin amannen ture.+ Kunoo, ogummaa kee isa guddaa keessaa walakkaan isaa illee natti hin himamne.+ Ati oduu ani dhagaʼe irra baayʼee ni caalta.+ 7 Namoonni kee gammadoo dha; tajaajiltoonni kee warri yeroo hunda si dura dhaabbatanii ogummaa kee dhaggeeffatanis gammadoo dha! 8 Waaqni kee Yihowaan, inni sitti gammadee Waaqa kee Yihowaadhaaf mootii godhee teessoo isaa irra si kaaʼe haa jajamu. Waaqni kee Israaʼeliin waan jaallatee+ fi ishiin bara baraaf akka jiraattu gochuu waan barbaadeef, ati haqaa fi qajeelummaadhaan akka bulchituuf mootii godhee ishii irratti si muudeera.”

9 Achiis ishiin warqii taalaantii* 120, zayitii baalsaamii hedduu fi dhagoota gatii guddaa qaban mootichaaf ni kennite.+ Sana booda zayitiin baalsaamii hamma mootuun Sheebaa Solomoon Mootichaaf kennite gaʼu dhufee hin beeku.+

10 Kana malees, tajaajiltoonni Hiiraamii fi tajaajiltoonni Solomoon warri Ofiir irraa warqii fidaa turan,+ saanqaawwan muka sandalii fi dhagoota gatii guddaa qabanis ni fidu turan.+ 11 Mootichi saanqaawwan muka sandalii irraa kortoowwan mana Yihowaa+ fi kortoowwan mana mootichaa,+ akkasumas faarfattootaaf baganaa fi meeshaawwan muuziqaa ribuu qaban ni hojjete.+ Saanqaawwan akkanaa sana dura biyya Yihudaa keessatti argamanii hin beekan.

12 Solomoon Mootichi wanta ishiin mootichaaf fidde caalaa,* wanta mootuun Sheebaa barbaaddee fi isa gaafatte akkamii iyyuu ishiidhaaf ni kenne. Sana booda ishiin achii baatee tajaajiltoota ishii wajjin gara biyya ishiitti deebite.+

13 Warqiin waggaa waggaadhaan Solomooniif dhufu ulfaatinni isaa taalaantii 666 taʼa ture;+ 14 kana malees, daldaltoonni imaltoota taʼanii fi daldaltoonni, akkasumas mootonni Arabootaa fi bulchitoonni biyyattii hundi Solomooniif warqii fi meetii ni fidu turan.+

15 Solomoon Mootichi gaachana guguddaa 200 warqii makaa sibiilaa qabu irraa ni hojjete+ (tokkoon tokkoon gaachanichaa warqii makaa sibiilaa qabu sheeqilii* 600 qaba ture);+ 16 kana malees, gaachana xixinnoo* warqii makaa sibiilaa qabu 300 ni hojjete (tokkoon tokkoon gaachana xixinnoo kanaas warqii miinaa* sadii qaba ture). Achiis mootichi Mana Bosona Libaanon jedhamu keessa isaan kaaʼe.+

17 Kana malees, mootichi ilka arbaa irraa teessoo guddaa tokko hojjetee warqii qulqulluudhaan ni uwwise.+ 18 Kortoon gara teessichaatti ol baasu jaʼa jira ture; ejjenni miilaa warqii irraa tolfamee teessichaa wajjin wal qabsiifame tokko jira ture; teessichi garasii fi garanaan wanta harka irra kaaʼatan qaba ture; bocawwan leencotaa+ lamas wanta harka irra kaaʼatan bira dhaabbatanii jiru turan. 19 Kortoowwan jaʼan sana irras bocawwan leencotaa+ 12 dhaabbatanii jiru turan; isaanis tokkoon tokkoon fiixee kortoowwan jaʼan sanaa irra jiru turan. Mootummaan wanta akkanaa hojjete kan biraan hin jiru ture. 20 Miʼawwan Solomoon Mootichi itti dhugu hundi warqii irraa kan tolfaman turan; miʼawwan Mana Bosona Libaanon jedhamu keessa jiran hundis warqii qulqulluu irraa kan tolfaman turan. Bara Solomoonitti meetiin akka waan gatii hin qabneetti waan ilaalamuuf, wanti meetii irraa tolfame tokko illee hin jiru ture.+ 21 Tajaajiltoonni Hiiraam+ dooniiwwan mootichaa oofanii gara Tarshiishitti+ deemu turan. Dooniiwwan Tarshiish waggaa sadiitti siʼa tokko warqii, meetii, ilka arbaa,+ qamaleewwanii fi xaawusoota* feʼanii dhufu turan.

22 Kanaafuu, Solomoon Mootichi badhaadhinaa fi ogummaa isaatiin mootota lafa irra jiran kaan hundumaa irra ni caala ture.+ 23 Mootonni lafa irra jiraatan hundi ogummaa Waaqni dhugaan garaa Solomoon keessa kaaʼe dhagaʼuuf isaa wajjin wal arguu* barbaadu turan.+ 24 Isaanis tokkoon tokkoon isaanii waggaa waggaadhaan miʼawwan meetii, miʼawwan warqii, uffata,+ meeshaa waraanaa, zayitii baalsaamii, fardeenii fi gaangolii akka kennaatti ni fidu turan. 25 Solomoon gola fardeenii fardeen isaa fi gaariiwwan fardaa isaatiif qophaaʼe 4,000 fi fardeen* 12,000 qaba ture;+ isaanis magaalota gaarii fardaa keessa, akkasumas Yerusaalem keessa naannoo mootichi jiraatu keessa akka jiraatan godhe.+ 26 Innis mootota Laga* sanaa jalqabee hamma biyya Filisxeemotaatti, akkasumas hamma daangaa biyya Gibxiitti jiran hundumaa irratti ni bulche.+ 27 Mootichi Yerusaalem keessa meetiin akkuma dhagaatti baayʼinaan akka argamu godhe; mukti gaattiraas akkuma muka harbuu isa Shefelaa keessa jiruutti baayʼinaan akka argamu godhe.+ 28 Isaanis biyya Gibxii fi biyyoota kaan hundumaa irraa Solomooniif fardeen ni fidu turan.+

29 Seenaan Solomoon inni hafe,+ jalqabaa kaasee hamma dhumaatti, barreeffamoota Naataan+ raajichaa, raajii Ahiyaa+ Shiiloonichaa fi seenaa mulʼata Idoon+ inni mulʼata argu Yeroboʼaam+ ilma Nebaatiin ilaalchisee arge qabate keessatti barreeffameera mitii? 30 Solomoon Yerusaalem keessa taaʼee guutummaa Israaʼel irratti waggaa 40f ni bulche. 31 Achiis Solomoon abbootii isaa wajjin ni boqote. Isaanis Magaalaa abbaa isaa Daawit keessatti isa ni awwaalan;+ ilmi isaa Rooboʼaamis bakka isaa mootii ni taʼe.+

10 Guutummaan Israaʼel mootii isa gochuuf gara Sheekem waan dhufaniif Rooboʼaam gara Sheekem+ ni dhaqe.+ 2 Yeroboʼaam+ ilmi Nebaat waaʼee kanaa akkuma dhagaʼeen (inni Solomoon Mootichaan kan kaʼe baqatee waan tureef, amma iyyuu Gibxii keessa jira ture),+ Yeroboʼaam Gibxiidhaa ni deebiʼe. 3 Achiis isaan itti erganii isa waamsisan; achiis Yeroboʼaamii fi guutummaan Israaʼel gara Rooboʼaam dhufanii akkana isaan jedhan: 4 “Abbaan kee waanjoo* keenya nutti ulfaachiseera.+ Garuu ati tajaajila ulfaataa abbaan kee nu irra kaaʼee fi waanjoo ulfaataa* inni nu irratti feʼe yoo nuu salphiste nuti si tajaajilla.”

5 Yeroo kanatti inni, “Guyyaa sadii booda gara kootti deebiʼaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, namoonni sun ni deeman.+ 6 Rooboʼaam Mootichis, “Namoota kanaaf deebii akkamii akkan kennu na gorsitu?” jedhee maanguddoota* yeroo abbaan isaa Solomoon lubbuudhaan turetti isa tajaajilaa turanii wajjin mariʼate. 7 Isaanis, “Ati uummata kanaaf gaarii yoo taatee fi yoo isaan gammachiiste, akkasumas deebii gaarii yoo isaaniif kennite, isaan yeroo hundumaa tajaajiltoota kee ni taʼu” jedhanii isaaf deebisan.

8 Haa taʼu malee, inni gorsa maanguddoonni* isaaf kennan fudhachuu didee, dargaggoota isaa wajjin guddatanii fi amma tajaajiltoota isaa taʼanii wajjin mariʼate.+ 9 Inni, “Namoota, ‘Waanjoo abbaan kee nu irratti feʼe nuu salphisi’ naan jedhan kanaaf deebii akkamii akka kenninu na gorsitu?” jedhee isaan gaafate. 10 Dargaggoonni isaa wajjin guddatan sunis akkana isaan jedhan: “Namoota, ‘Abbaan kee waanjoo keenya nutti ulfaachiseera; ati garuu nuuf salphisi’ siin jedhaniin akkana jedhi: ‘Qubni koo ishiin xinnoon mudhii abbaa koo irra ni furdatti. 11 Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irratti feʼeera; ani garuu waanjoo keessan caalaatti nan ulfaachisa. Abbaan koo alangaadhaan isin adabeera; ani garuu alangaa wanta nama wawwaraanu qabuun isin nan adaba.’”

12 Yeroboʼaamii fi namoonni sun hundi akkuma mootichi, “Guyyaa sadaffaatti gara kootti deebiʼaa” isaaniin jedhetti, guyyaa sadaffaatti gara Rooboʼaam ni dhufan.+ 13 Mootichi garuu deebii gaarii hin taane isaaniif ni kenne. Akka kanaan Rooboʼaam Mootichi gorsa maanguddoota* sanaa fudhachuu dide. 14 Innis akkuma dargaggoonni sun isa gorsanitti, “Ani waanjoo keessan caalaatti nan ulfaachisa; sana caalaas akka ulfaatu nan godha. Abbaan koo alangaadhaan isin adabeera; ani garuu alangaa wanta nama wawwaraanu qabuun isin nan adaba” isaaniin jedhe. 15 Akka kanaan mootichi namoota sana utuu hin dhaggeeffatin hafe; kunis kan taʼe, wanti Yihowaan karaa Ahiyaa Shiiloonichaa, Yeroboʼaam ilma Nebaatitti dubbate akka raawwatamuuf+ Waaqni dhugaan wantoonni kun akka kanaan akka raawwataman waan godheefi.+

16 Guutummaan Israaʼel mootichi isaan dhaggeeffachuu akka dide yommuu hubatan, namoonni sun, “Nuti Daawit biraa qooda maalii qabna? Nuti ilma Issey biraa dhaala hin qabnu. Yaa Israaʼel, tokkoon tokkoon kee gara waaqolii keetti deebiʼi. Yaa Daawit amma mana kee eeggadhu!”+ jedhanii mootichaaf deebisan. Achiis Israaʼelonni hundi gara mana mana* isaaniitti deebiʼan.+

17 Rooboʼaam garuu Israaʼelota warra magaalota Yihudaa keessa jiraatan irratti bulchuu isaa itti fufe.+

18 Achiis Rooboʼaam Mootichi, Hadoraam+ isa warra hojii dirqamaa akka hojjetan filataman irratti itti gaafatamaa taʼe gara isaaniitti ni erge; haa taʼu malee, Israaʼelonni dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan. Rooboʼaam Mootichi garuu gaarii fardaa isaa yaabbatee gara Yerusaalemitti baqate.+ 19 Israaʼelonni hamma harʼaatti mana Daawit irratti akkuma fincilanitti jiru.

11 Rooboʼaamis yommuu Yerusaalem gaʼu, Israaʼeliin waraananii mootummicha akka isaaf deebisaniif, yeruma sana mana Yihudaa fi gosa Biiniyaam+ keessaa loltoota leenjiʼan* 180,000 walitti qabe.+ 2 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Shemaayaa+ isa nama Waaqa dhugaa taʼeetti ni dhufe: 3 “Rooboʼaam ilma Solomoon mootii Yihudaatiin, akkasumas guutummaa Israaʼel warra Yihudaa fi Biiniyaam keessa jiraniin akkana jedhi: 4 ‘Yihowaan, “Isin obboloota keessan waraanuuf ol hin baʼinaa. Ani kun akka taʼu waanan godheef, tokkoon tokkoon keessan gara mana mana keessaniitti deebiʼaa” jedha.’”+ Kanaafuu, isaan dubbii Yihowaatiif ajajamuudhaan ni deebiʼan; Yeroboʼaamiin waraanufis hin deemne.

5 Rooboʼaamis Yerusaalem keessa jiraachaa, Yihudaa keessatti magaalota dallaa dhagaa qaban ni ijaare. 6 Akka kanaan inni Beetaliheemiin,+ Etaamiin, Teqoohaa,+ 7 Beet Zuuriin, Sookoo,+ Adulaamiin,+ 8 Gaatiin,+ Maareshaa, Ziifiin,+ 9 Adoraayimiin, Laakiishiin,+ Azeeqaa,+ 10 Zoraa, Ayiloonii+ fi Kebrooniin+ ni ijaare;* magaalonni kun warra dallaa dhagaa qabanii fi Yihudaa fi Biiniyaam keessatti argaman turan. 11 Kana malees, inni iddoowwan dallaa dhagaa qaban sana ni cimse; ajajjootas isaan keessa ni kaaʼe; soorata, zayitii fi daadhii wayiniis achi keessatti walitti ni qabe; 12 akkasumas, inni magaalota adda addaa hundumaa keessatti gaachanoota guguddaa fi eeboowwan walitti ni qabe; magaalota kanas akka malee ni cimse. Yihudaa fi Biiniyaamiin bulchuu isaas itti fufe.

13 Luboonnii fi Leewwonni warri guutummaa Israaʼel keessa turan naannoowwan isaanii hundumaa keessaa baʼanii isa cinaa dhaabbatan. 14 Yeroboʼaamii fi ilmaan isaa Yihowaadhaaf luboota taʼanii akka hin tajaajille isaan ariʼanii waan turaniif,+ Leewwonni iddoo dheedichaa isaanii fi qabeenya isaanii+ dhiisanii gara Yihudaa fi gara Yerusaalem ni dhufan. 15 Achiis Yeroboʼaam iddoowwan ol kaʼoodhaaf, jinniiwwan reʼee fakkaatanii*+ fi jabbilee hojjete+ sanaaf luboota ofii isaa ni muude.+ 16 Gosoota Israaʼel hundumaa keessaa namoonni Yihowaa Waaqa Israaʼeliin barbaaddachuuf garaa isaaniitti murteessan, Waaqa abbootii isaanii kan taʼe Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuuf isaan duukaa buʼanii gara Yerusaalem deeman.+ 17 Isaan waggaa sadiif karaa Daawitii fi Solomoon irra deemuudhaan, waggaa sadiif mootummaa Yihudaa ni cimsan, akkasumas Rooboʼaam ilma Solomooniin ni deggeran.

18 Achiis Rooboʼaam intala Yerimoot ilma Daawit kan taate Mahaalaatiin ni fuudhe. Ishiin intala Abihaayil ishii intala Eeliyaab+ isa ilma Issey taʼe sanaa ti. 19 Ishiinis yeroo booda ilmaan Yeʼuush, Shemaariyaa fi Zaahaam jedhaman isaaf ni deesse. 20 Inni ishii booda intala intala Abishaalom+ kan taate Maʼaakaa fuudhe. Ishiin yeroo booda Abiyaa,+ Ataay, Ziizaa fi Shelomiitiin isaaf ni deesse. 21 Rooboʼaam haadhotii manaa fi saajjatoota* isaa hundumaa+ caalaa Maʼaakaa ishii intala intala Abishaalom turte ni jaallata ture; inni haadhotii manaa 18 fi saajjatoota 60 qaba ture; akkasumas, ijoollee dhiiraa 28 fi ijoollee durbaa 60 ni dhalche. 22 Kanaafuu, Rooboʼaam mootii isa gochuu waan barbaadeef, obboloota isaa irratti dura buʼaa fi geggeessaa godhee Abiyaa ilma Maʼaakaa ni muude. 23 Haa taʼu malee, inni hubannaadhaan tarkaanfii fudhachuudhaan, ilmaan isaa keessaa tokko tokko gara naannoowwan Yihudaa fi Biiniyaam hundumaatti, akkasumas gara magaalota dallaa dhagaa qaban+ hundumaatti erge;* wantoota isaan barbaachisan baayʼinaan isaaniif ni kenne; haadhotii manaa hedduus isaan fuusise.

12 Rooboʼaam mootummaan isaa akkuma jabaatee dhaabbateen,+ akkasumas inni akkuma cimeen, innis taʼe Israaʼelonni warri isaa wajjin jiran hundi Seera Yihowaa ni dhiisan.+ 2 Isaan Yihowaadhaaf amanamoo waan hin taaneef, Rooboʼaam Mootichi mootii taʼee waggaa shanaffaa isaatti, Shishaaq+ mootiin Gibxii Yerusaalemiin waraanuuf dhufe. 3 Inni gaariiwwan fardaa 1,200 fi abbootii fardeenii 60,000 kan qabu yeroo taʼu, loltoonni lakkoofsi isaanii hammana hin jedhamne, jechuunis warri Liibiyaa, warri Suukiimii fi warri Itoophiyaa+ isaa wajjin Gibxiidhaa dhufanii turan. 4 Innis magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban erga qabatee booda, dhuma irratti Yerusaalem gaʼe.

5 Shemaayaan+ raajichi gara Rooboʼaamii fi gara bulchitoota Yihudaa warra Shishaaqiin kan kaʼe Yerusaalemitti walitti qabamanii turan sanaa dhufee, “Yihowaan akkana jedha: ‘Isin waan na dhiistaniif, anis harka Shishaaq irratti isin dhiiseera’”+ isaaniin jedhe. 6 Yeroo kanatti bulchitoonni Israaʼelii fi mootichi gad of qabanii,+ “Yihowaan qajeelaa dha” jedhan. 7 Yihowaanis akka isaan gad of qaban yommuu argu, dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Shemaayaa ni dhufe: “Isaan waan gad of qabaniif, ani isaan hin balleessu;+ yeroo dhihootti isaan nan oolcha. Ani karaa Shishaaq dheekkamsa koo Yerusaalem irratti hin dhangalaasu. 8 Haa taʼu malee, garaa garummaa ana tajaajiluu fi mootota* biyyoota kan biroo tajaajiluu gidduu jiru akka beekaniif, isaan tajaajiltoota isaa ni taʼu.”

9 Kanaafuu, Shishaaq mootiin Gibxii Yerusaalemiin waraanuuf ni dhufe. Innis qabeenya mana Yihowaa+ fi qabeenya mana mootichaa ni fudhate. Inni gaachanoota warqii Solomoon hojjete dabalatee wanta hundumaa ni fudhate.+ 10 Kanaafuu, Rooboʼaam Mootichi bakka isaanii gaachanoota sibiila diimaa hojjetee ajajjoota eegduu* warra karra mana mootichaa eeganitti kenne. 11 Eegdonni yeroo mootichi gara mana Yihowaatti dhufu hundumaatti ol seenanii gaachanoota kana ni qabatu turan; sana booda immoo gara kutaa eegduutti ni deebisu turan. 12 Mootichi waan gad of qabeef, dheekkamsi Yihowaa isa irraa ni deebiʼe;+ innis guutummaatti isaan hin balleessine.+ Kana malees, wanti gaariin muraasni Yihudaa keessatti argamee ture.+

13 Rooboʼaam Mootichi Yerusaalem keessatti aangoo isaa cimsatee bulchuu isaa itti fufe; Rooboʼaam yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 41 ture; innis magaalaa Yerusaalem, jechuunis magaalaa Yihowaan maqaan isaa achi akka taʼuuf gosoota Israaʼel hundumaa keessaa filate keessa taaʼee waggaa 17f ni bulche. Maqaan haadha mootichaa Naʼaamaa yommuu taʼu, ishiin nama biyya Amoon turte.+ 14 Haa taʼu malee, inni Yihowaa barbaaddachuuf garaa isaatti murteessee waan hin turreef, wanta hamaa ni raawwate.+

15 Seenaan Rooboʼaam jalqabaa kaasee hamma dhumaatti seenaa hidda dhalootaa Shemaayaan+ raajichii fi Idoon+ inni mulʼata argu barreessan keessatti barreeffameera mitii? Rooboʼaamii fi Yeroboʼaam gidduutti waraanni wal irraa hin cinne ni godhama ture.+ 16 Achiis Rooboʼaam abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit+ keessattis ni awwaalame; Ilmi isaa Abiyaanis+ bakka isaa mootii taʼe.

13 Yeroboʼaam Mootichi mootii taʼee waggaa 18ffaa isaatti Abiyaan Yihudaa irratti mootii taʼe.+ 2 Inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa sadiif ni bulche. Maqaan haadha isaa Mikaayaa+ yommuu taʼu, ishiin intala Uuriʼel isa nama biyya Gibeʼaa+ taʼe sanaa turte. Abiyaa fi Yeroboʼaam gidduuttis waraanni ni godhama ture.+

3 Kanaafuu, Abiyaan raayyaa waraanaa loltoota jajjaboo leenjiʼan* 400,000 qabu fudhatee waraana dhaqe.+ Yeroboʼaamis loltoota jajjaboo leenjiʼan* 800,000 fudhatee isa waraanuuf tarree galee ni baʼe. 4 Achiis Abiyaan Gaara Zemaaraayim isa naannoowwan gaarotaa Efreem keessatti argamu irra dhaabbatee akkana jedhe: “Yaa Yeroboʼaam, isin Israaʼelonni hundis na dhagaʼaa. 5 Yihowaan Waaqni Israaʼel kakuu soogiddaatiin*+ Israaʼel irratti Daawitii fi ilmaan isaatiif+ bara baraaf mootummaa akka kenne hin beektanii?+ 6 Yeroboʼaam+ ilmi Nebaat inni tajaajilaa Solomoon isa ilma Daawit taʼe sanaa garuu, kaʼee gooftaa isaa irratti fincila kaase.+ 7 Namoonni hojii hin qabnee fi gatii hin qabnes isa biratti walitti ni qabaman. Isaanis Rooboʼaam ilma Solomoon isa dargaggeessaa fi sodaattuu ture sana irratti ni ciman; innis of irraa isaan ittisuu hin dandeenye.

8 “Ammas isin namoota hedduu waan taatanii fi jabbilee warqii waaqolii akka isiniif taʼaniif Yeroboʼaam isiniif hojjete waan qabdaniif,+ mootummaa Yihowaa isa harka ilmaan Daawit irra jiru of irraa ittisuu akka dandeessan isinitti dhagaʼama. 9 Isin luboota Yihowaa warra sanyii Aaron taʼanii fi Leewwota ariitanii+ akkuma namoota biyyoota kaaniitti luboota ofii keessanii hin muudnee?+ Namni jibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa torba fidee dhufe* kam iyyuu wantoota waaqolii hin taaneef luba taʼuu ni dandaʼa. 10 Nuuf garuu Waaqni keenya Yihowaa dha;+ nuti isa hin dhiisne; luboonni keenya warri sanyii Aaron taʼan Yihowaa tajaajilaa jiru; Leewwonnis hojicha irratti isaan ni gargaaru. 11 Isaan yeroo hundumaa ganamaa fi galgala+ Yihowaadhaaf aarsaan gubamu akka aaru gochaa, akkasumas ixaana urgaaʼu+ dhiheessaa jiru; daabboon wal irra tuulamu*+ minjaala warqii qulqulluu irra jira; isaan galgala galgala baattuu ibsaa warqii+ fi ibsaawwan isaanii ni ibsu;+ sababiin isaas, nuti itti gaafatamummaa Waaqa keenya Yihowaadhaaf qabnu raawwachaa jirra; isin garuu isa dhiistaniittu. 12 Ammas kunoo, Waaqni dhugaan nuu wajjin jira; inni luboota isaa warra sagalee waraanni isin irratti banamuu isaa argisiisu dhageessisuuf malakata waraanaa qabatanii wajjin nu geggeessaa jira. Yaa namoota Israaʼel, isin milkaaʼina waan hin arganneef Yihowaa isa Waaqa abbootii keessanii taʼe hin lolinaa.”+

13 Yeroboʼaam garuu namoota duuba isaaniitiin riphanii eegan ni erge; kanaafuu, loltoonni sun Yihudaa fuuldura kan turan yeroo taʼu, namoonni riphanii eegan sun immoo duuba isaaniitiin jiru turan. 14 Namoonni Yihudaas garagalanii yommuu ilaalan warri fuuldura isaanii fi duuba isaaniitiin jiran isaan loluuf akka qophaaʼan ni hubatan. Kanaafuu, isaan yeroo kanatti gara Yihowaatti ni iyyan;+ luboonnis guddisanii malakata ni afuufan. 15 Namoonni Yihudaa iyya waraanaa ni dhageessisan; yommuu namoonni Yihudaa iyya waraanaa dhageessisan, Waaqni dhugaan Yeroboʼaamii fi guutummaa Israaʼeliin Abiyaa fi Yihudaa duratti ni injifate. 16 Israaʼelonnis Yihudaa duraa ni baqatan; Waaqayyos harka isaaniitti dabarsee isaan ni kenne. 17 Abiyaanii fi namoonni isaa namoota hedduu ni ajjeesan; namoota Israaʼel keessaas loltoonni leenjiʼan* 500,000 ni ajjeefaman. 18 Akka kanaan namoonni Israaʼel yeroo sanatti ni salphifaman; namoonni Yihudaa garuu Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼetti waan amanamaniif* isaan ni moʼan.+ 19 Abiyaan Yeroboʼaamiin ariʼee magaalota isaa ni fudhate; isaanis Beetelii+ fi magaalota ishii jalatti* argaman, Yeshaanaa fi magaalota ishii jalatti argaman, akkasumas Efraayinii+ fi magaalota ishii jalatti argaman turan. 20 Yeroboʼaam bara Abiyaatti deebisee humna argachuu hin dandeenye; achiis Yihowaan isa rukute; innis ni duʼe.+

21 Abiyaan garuu humna argachaa deeme. Yeroo booda haadhotii manaa 14 ni fuudhe;+ akkasumas ijoollee dhiiraa 22 fi ijoollee durbaa 16 ni dhalche. 22 Seenaan Abiyaa inni hafe, wanti inni godhee fi wanti inni dubbate barreeffamoota* Idoon raajichi barreesse keessatti ni argama.+

14 Achiis Abiyaan abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanis Magaalaa Daawit+ keessatti isa awwaalan; ilmi isaa Aasaanis bakka isaa mootii taʼe. Bara isaatti biyyattiin waggaa kudhaniif boqonnaa argatte.

2 Aasaan wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti gaarii fi sirrii taʼe ni raawwate. 3 Iddoowwan aarsaa waaqolii biyya ormaa fi iddoowwan ol kaʼoo ni balleesse;+ siidaawwan waaqeffannaa ni caccabse;+ utubaawwan waaqeffannaas* ni mummure.+ 4 Kana malees, namoonni Yihudaa Waaqa abbootii isaanii kan taʼe Yihowaa akka barbaaddatan, akkasumas Seerichaa fi ajaja isaa akka eegan isaanitti hime. 5 Kanaafuu, iddoowwan ol kaʼoo fi iddoowwan aarsaa ixaanaa magaalota Yihudaa hundumaa keessaa ni balleesse;+ mootummichis bulchiinsa isaa jalatti tasgabbii ni argate. 6 Yihudaa keessatti magaalota dallaa dhagaa qaban ni ijaare;+ sababiin isaas Yihowaan boqonnaa waan isaaf kenneef, waggoottan kana keessatti wanti biyyattii jeequ hin jiru ture; waraannis isa irratti hin banamne.+ 7 Namoota Yihudaatiinis, “Magaalota kana haa ijaarru; naannoo isaaniittis dallaawwan, masaraawwan,+ karrawwanii* fi danqaraawwan haa hojjennu. Nuti Waaqa keenya Yihowaa waan barbaaddanneef, biyyattiin amma iyyuu toʼannaa keenya jala jirti. Nuti isa barbaaddanneerra; innis kallattii hundumaatiin boqonnaa nuuf kenneera” jedhe. Kanaafuu, hojiin ijaarsaa isaanii milkaaʼina ni argate.+

8 Aasaan raayyaa waraanaa namoota Yihudaa 300,000 qabate qaba ture; isaan gaachana guguddaa fi eeboo qabatanii turan. Gosa Biiniyaam keessaa loltoonni jajjaboon gaachana xixinnoo* fi iddaawwan qabatan* 280,000 turan.+

9 Boodas, nama Itoophiyaa kan taʼe Zeeraan raayyaa waraanaa namoota 1,000,000 fi gaariiwwan fardaa 300 qabu fidee isaan waraanuuf ni dhufe.+ Yommuu bakka Maareshaa+ jedhamu gaʼus, 10 Aasaan isa waraanuuf ni baʼe; isaanis Sulula Zefaataa isa Maareshaatti argamu keessatti waraanaaf tarree galan. 11 Yeroo kanatti Aasaan akkana jedhee gara Waaqa isaa Yihowaatti iyye:+ “Yaa Yihowaa, warri ati gargaartu hedduu yoo taʼan yookiin humna kan hin qabne yoo taʼan siif jijjiirama hin qabu.+ Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nuti sitti waan amanamneef,*+ maqaa keetiinis namoota hedduu kana waraanuuf waan baaneef+ ati nu gargaari. Yaa Yihowaa, ati Waaqa keenya. Namni duʼu si hin moʼin.”+

12 Kanaafuu, Yihowaan Aasaa fi Yihudaa duratti warra Itoophiyaa ni moʼe; warri Itoophiyaas ni baqatan.+ 13 Aasaanii fi namoonni isaa wajjin jiran hamma Geraaritti+ isaan ni ariʼan; Yihowaanii fi raayyaan waraanaa isaa waan isaan haleelaniif warri Itoophiyaa ni dhuman; isaan keessaa namni tokko illee lubbuudhaan hin oolle. Sana booda boojuu hedduu ni fudhatan. 14 Kana malees, Yihowaan magaalota sana naasisee waan tureef, magaalota naannoo Geraaritti argaman hundumaa ni rukutan; magaalota sana keessa wanti saamamu hedduun waan tureefis isaan magaalota sana hundumaa ni saaman. 15 Kana malees, isaan dunkaanota tiksitootaa ni rukutan; achiis bushaayeewwanii* fi gaalota hedduu erga boojiʼanii booda gara Yerusaalemitti ni deebiʼan.

15 Hafuurri Waaqayyoo gara Azaariyaa ilma Odeed ni dhufe. 2 Kanaafuu, inni Aasaa argachuuf gad baʼee akkana isaan jedhe: “Ati yaa Aasaa, isin namoonni Yihudaa fi Biiniyaam hundumti keessan na dhagaʼaa! Isin isaa wajjin yoo taatan, Yihowaan isinii wajjin ni taʼa;+ isin yoo isa barbaaddattan inni isiniif ni argama;+ yoo isa dhiistan garuu, innis isin ni dhiisa.+ 3 Israaʼelonni yeroo dheeraadhaaf* Waaqa dhugaa, luba isaan barsiisuu fi seera hin qaban turan.+ 4 Haa taʼu malee, isaan yeroo dhiphatanitti gara Yihowaa isa Waaqa Israaʼel taʼetti ni deebiʼan; isas ni barbaaddatan; innis isaaniif ni argame.+ 5 Bara sanatti jiraattota biyyoota sanaa hundumaa gidduutti jeequmsi guddaan waan tureef, namni tokko illee nagaadhaan asii fi achi deemuu hin dandaʼu ture.* 6 Waaqayyo dhiphina akaakuu hundumaatiin isaan jeeqaa waan tureef, sabni tokko saba kan biraa, magaalaan tokkos magaalaa kan biraa ni caccabsa ture.+ 7 Isin garuu gatii dadhabbii keessanii waan argattaniif, jabaadhaa; abdiis hin kutatinaa.”*+

8 Aasaanis jechoota kanaa fi raajii Odeed raajichi dubbate akkuma dhagaʼeen ija jabina ni argate; biyya Yihudaa fi Biiniyaam hundumaa, akkasumas magaalota warra naannoo gaarotaa Efreem irraa fudhate keessaa waaqolii tolfamoo balfamoo taʼan ni balleesse;+ iddoo aarsaa Yihowaa isa barandaa mana Yihowaa dura tures ni haaresse.+ 9 Innis namoota Yihudaa fi Biiniyaam, akkasumas namoota biyya ormaa Efreem, Minaasee fi Simiʼoon keessaa dhufanii isaanii wajjin turan hundumaa walitti ni qabe;+ namoonni biyya ormaa kun, Waaqni isaa Yihowaan isaa wajjin akka jiru yommuu argan baayʼee taʼanii Israaʼeliin dhiisanii gara isaa dhufanii turan. 10 Kanaafuu, Aasaan mootii taʼee waggaa 15ffaa isaatti, waggicha keessaa jiʼa sadaffaatti isaan Yerusaalemitti walitti ni qabaman. 11 Isaanis guyyaa sanatti boojuu fidan keessaa loon 700 fi hoolota 7,000 Yihowaadhaaf aarsaa godhan. 12 Kana malees, isaan garaa isaanii guutuu fi lubbuu* isaanii guutuudhaan Waaqa abbootii isaanii kan taʼe Yihowaa barbaaddachuuf kakuu ni galan.+ 13 Namni Yihowaa isa Waaqa Israaʼel taʼe hin barbaaddanne kam iyyuu guddaas taʼe xinnaa, dhiiras taʼe dubartii akka ajjeefamu walii galan.+ 14 Kanaafuu, isaan sagalee guddaadhaan, ililchuudhaan, malakataa fi xurumbaadhaan* Yihowaadhaaf ni kakatan. 15 Garaa isaanii guutuudhaan waan kakataniif, gammachuudhaan waan isa barbaaddatanii fi innis isaaniif waan argameef,+ namoonni Yihudaa hundi kakaa sanatti ni gammadan; Yihowaanis kallattii hundumaatiin boqonnaa isaaniif ni kenne.+

16 Aasaan Mootichi akkoon isaa Maʼaakaan+ waaqeffannaa utubaa waaqeffannaatiif* akka taʼuuf waaqa tolfamaa isa balfamaa taʼe waan hojjetteef, aangoo mootuu taʼuudhaan qabdu irraa ishii ni buuse.+ Aasaan waaqa tolfamaa ishii isa balfamaa taʼe muree ni bulleesse; Sulula Qedroon keessattis ni gube.+ 17 Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon Israaʼel keessaa+ hin balleeffamne turan.+ Taʼus Aasaan guutummaa umurii* isaatti garaan isaa guutuu* ture.+ 18 Wantoota innii fi abbaan isaa qulqulleessan, jechuunis meetii, warqii fi miʼawwan adda addaa gara mana Waaqa dhugaatti ni fide.+ 19 Aasaan mootii taʼee hamma waggaa 35ffaa isaatti waraanni hin jiru ture.+

16 Waggaa 36ffaa bulchiinsa Aasaatti, Baʼaashaan+ mootiin Israaʼel Yihudaa waraanuuf dhufee eenyu iyyuu Aasaa mootii Yihudaa biraa akka gad hin baanee fi gara isaattis akka hin seenne* dhowwuuf Raamaa+ ijaaruu* jalqabe.+ 2 Yeroo kanatti Aasaan manneen qabeenyaa mana Yihowaa fi mana mootichaa keessaa meetii fi warqii fuudhee+ Benhadaad isa mootii Sooriyaa+ taʼee fi Damaasqoo keessa jiraachaa tureef ni erge; akkana isaan jedhe: 3 “Anaa fi si gidduu, abbaa koo fi abbaa kee gidduus walii galteen* jira. Ani meetii fi warqii siif ergeera. Inni ana irraa akka deebiʼuuf, kottuutii walii galtee* Baʼaashaa mootii Israaʼelii wajjin goote diigi.”

4 Benhadaadis Aasaa Mooticha dhagaʼee magaalota Israaʼeliin akka waraananiif ajajjoota raayyawwan waraanaa isaa ni erge; isaanis Iyooniin,+ Daaniin,+ Abeel Maayimiinii fi iddoowwan kuusaa magaalota Niftaalem hundumaa ni rukutan.+ 5 Baʼaashaanis wanta kana yommuu dhagaʼu, yeruma sana Raamaa ijaaruu* dhiise; hojichas ni dhaabe. 6 Achiis Aasaan Mootichi namoota Yihudaa hundumaa fudhatee deeme; isaanis dhagootaa fi saanqaawwan Raamaa+ isa Baʼaashaan ittiin ijaaraa ture+ sana fudhatanii deeman; innis wantoota kanatti fayyadamee Geebaa+ fi Misphaa+ ni ijaare.*

7 Yeroo kanatti Hanaaniin+ inni mulʼata argu gara Aasaa mootii Yihudaa dhufee akkana isaan jedhe: “Ati Waaqa kee Yihowaatti amanamuu* dhiistee, mootii Sooriyaatti waan amanamteef,* raayyaan waraanaa mootii Sooriyaa si harkaa miliqeera.+ 8 Namoonni Itoophiyaa fi namoonni Liibiyaa raayyaa waraanaa guddaa, gaariiwwan fardaa fi abbootii fardeenii hedduu qabu turan mitii? Haa taʼu malee, ati Yihowaatti waan amanamteef, inni harka keetti dabarsee isaan kenne.+ 9 Eeyyee, warra garaan isaanii isa biratti guutuu taʼeef*+ jabina isaa argisiisuuf,* ijji Yihowaa xiyyeeffannaadhaan guutummaa lafaa ni ilaala.+ Ati gama kanaan gocha gowwummaa raawwatteetta; ammaa jalqabee waraanni si irratti ni banama.”+

10 Haa taʼu malee, Aasaan namicha mulʼata argu sanatti ni aare; dhimma kana ilaalchisee isatti waan aareefis mana hidhaatti* isa galche. Akkasumas, Aasaan yeroo kanatti namoota sabicha keessa turan kaanis miidhuu jalqabe. 11 Seenaan Aasaa jalqabaa kaasee hamma dhumaatti, Kitaaba Mootota Yihudaa fi Israaʼel keessatti barreeffameera.+

12 Aasaan mootii taʼee waggaa 39ffaa isaatti dhukkuba miilaatiin qabame; dhukkubni isaas isatti cime; inni utuma dhukkubsatee jiruu illee gara ogeessota fayyaatti malee, gara Yihowaatti hin deebine. 13 Achiis Aasaan abbootii isaa wajjin ni boqote;+ mootii taʼee waggaa 41ffaa isaattis ni duʼe. 14 Kanaafuu, isaan iddoo awwaalchaa ulfina qabeessa isa inni Magaalaa Daawit+ keessatti ofii isaatiif qochisiise keessatti isa awwaalan; siree reeffaa zayitii baalsaamii fi dibata wantoonni adda addaa walitti makamanii karaa adda taʼeen qopheeffameen guutame irra isa ciibsan.+ Kana malees, ulfina isaatiif ibidda guddaa ni bobeessan.*

17 Ilmi isaa Yoshaafaaxis+ bakka isaa mootii taʼe; Israaʼel irrattis aangoo isaa ni cimsate. 2 Inni magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa keessatti humnoota waraanaa ni kaaʼe; biyya Yihudaa fi magaalota Efreem warra abbaan isaa Aasaan qabatee ture keessattis buufatawwan loltootaa ni hundeesse.+ 3 Yoshaafaax daandiiwwan abbaan isaa Daawit isa dura irra deemaa ture irra waan deemeef,+ akkasumas Baʼaaliin waan hin barbaaddanneef, Yihowaan isaa wajjin ni taʼe. 4 Inni barsiifatawwan Israaʼel hin hordofne;+ kanaa mannaa, Waaqa abbaa isaa ni barbaaddate;+ ajajawwan isaas ni hordofe.* 5 Yihowaan mootummicha harka isaa irratti ni cimse;+ guutummaan Yihudaas Yoshaafaaxiif kennaawwan ni fidu turan; inni soorumaa fi ulfina guddaas ni argate.+ 6 Inni daandiiwwan Yihowaa irra deemuuf ni onnate; iddoowwan ol kaʼoo+ fi utubaawwan waaqeffannaas*+ Yihudaa keessaa ni balleesse.

7 Inni mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti bulchitoota isaa kan taʼan Benhaayil, Obaadiyaa, Zakkaariyaas, Naataaniʼelii fi Mikaayaa waamsisee, magaalota Yihudaa keessatti akka barsiisaniif isaan erge. 8 Leewwonni isaanii wajjin turanis, Shemaayaa, Nataaniyaa, Zebaadiyaa, Asaahel, Shemiraamot, Yehonaataan, Adoniyaa, Toobiyaa fi Toob Adoniyaa turan; luboota kan taʼan Elishaamaa fi Yooraamis isaanii wajjin jiru turan.+ 9 Isaanis Yihudaa keessatti barsiisuu jalqaban; yeroo kanatti kitaaba Seera Yihowaa qabatanii turan;+ magaalota Yihudaa hundumaa keessa naannaʼaniis uummaticha ni barsiisan.

10 Yihowaan mootummoota biyyoota naannoo Yihudaatti argaman hundumaa waan naasiseef, isaan Yoshaafaaxii wajjin wal hin waraanne. 11 Akkasumas, Filisxeemonni kennaawwanii fi maallaqa akka gibiraatti Yoshaafaaxiif ni fidan. Araboonnis bushaayeewwan isaanii keessaa korbeeyyii hoolaa 7,700 fi korbeeyyii reʼee 7,700 isaaf ni fidan.

12 Yoshaafaax caalaatti jabaachaa deeme;+ Yihudaa keessattis iddoowwan dallaa dhagaa qabanii+ fi magaalota miʼa itti kuusan+ ni ijaare. 13 Magaalota Yihudaa keessatti hojiiwwan hedduu ni raawwate; Yerusaalem keessattis loltoota jajjaboo qaba ture. 14 Kanneen kun akka manneen abbootii isaaniitti kan gurmaaʼan turan: ajajjoota kumaa Yihudaa keessaa Adnaan ajajaa yeroo taʼu, loltoonni jajjaboon 300,000 isaa wajjin jiru turan.+ 15 Isa jalatti Yehohaanaan inni ajajaa taʼe kan jiru yeroo taʼu, namoonni 280,000 isaa wajjin jiru turan. 16 Akkasumas, isa jalatti Amaasiyaan ilmi Zikrii inni fedhiidhaan tajaajila Yihowaatiif of dhiheesse kan jiru yeroo taʼu, loltoonni jajjaboon 200,000 isaa wajjin jiru turan. 17 Gosa Biiniyaam+ keessaa Eliyaadaan inni loltuu jabaa taʼe kan jiru yeroo taʼu, namoonni iddaa fi gaachana qabatan 200,000 isaa wajjin jiru turan.+ 18 Isa jalatti Yehozaabaad kan jiru yeroo taʼu, namoonni waraanaaf hidhatan 180,000 isaa wajjin jiru turan. 19 Namoota mootichi magaalota dallaa dhagaa qabanii fi guutummaa Yihudaa keessa jiran keessa kaaʼe+ dabalatee, namoonni kunis mooticha ni tajaajilu turan.

18 Yoshaafaax ni soorome, ulfina guddaas ni argate;+ taʼus gaaʼelaan Ahaabitti+ ni firoome. 2 Waggoota muraasa boodas gara Ahaab isa Samaariyaa turetti gad ni buʼe;+ Ahaabis isaa fi namoota isaa wajjin turaniif hoolotaa fi loon hedduu qale. Raamot Giiliyaadiin+ waraanuuf akka dhaqus isa gaafate.* 3 Achiis Ahaab mootiin Israaʼel Yoshaafaax mootii Yihudaatiin, “Anaa wajjin gara Raamot Giiliyaad ni deemtaa?” jedhe. Innis, “Ana jechuun si jechuu dha; saba koo jechuunis saba kee jechuu dha; nuti waraanicha irratti si gargaarra” jedhee isaaf deebise.

4 Taʼus Yoshaafaax mootii Israaʼeliin, “Maaloo, jalqaba dubbii Yihowaa gaafadhu” jedhe.+ 5 Kanaafuu, mootiin Israaʼel raajota 400 walitti qabee, “Raamot Giiliyaadiin waraanuuf dhaqu moo dhiisu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Dhaqi; Waaqni dhugaan harka mootichaatti dabarsee ishii ni kenna” isaan jedhan.

6 Yeroo kanatti Yoshaafaax, “Bakka kana raajiin Yihowaa hin jiruu?+ Mee karaa isaatiinis haa gaafannu” jedhe.+ 7 Mootiin Israaʼelis Yoshaafaaxiin, “Karaa isaa Yihowaa gaafachuu kan dandeenyu namni hafe tokko jira;+ garuu inni yeroo hundumaa waaʼee koo wanta hamaa malee takkaa raajii gaarii taʼe waan hin dubbanneef ani isa nan jibba.+ Innis Mikaayaa ilma Yimlaa ti” jedhe. Yoshaafaax garuu, “Mootichi wanta akkanaa dubbachuu hin qabu” isaan jedhe.

8 Kanaafuu, mootiin Israaʼel abbaa taayitaa mana mootummaa tokko waamee, “Mikaayaa ilma Yimlaa hatattamaan fidi” isaan jedhe.+ 9 Yeroo kanatti mootiin Israaʼelii fi Yoshaafaax mootiin Yihudaa uffata mootii uffatanii teessoo isaanii irra taaʼanii turan; isaan bakka oobdii balbala karra Samaariyaa duratti argamu irra taaʼanii turan; raajonni sun hundis isaan duratti raajii dubbachaa turan. 10 Yeroo kanatti Zedeeqiyaan ilmi Kenaʼaanaa ofii isaatiif gaanfota sibiilaa hojjetee akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Hamma isaan balleessitutti wantoota kanaan warra Sooriyaa ni waraanta.’”* 11 Raajonni kaan hundis, “Raamot Giiliyaaditti ol baʼi; milkaaʼina ni argatta; Yihowaan harka mootichaatti dabarsee ishii ni kenna” jedhanii raajii wal fakkaatu dubbatu turan.+

12 Kanaafuu, namichi Mikaayaa waamuuf deeme sun, “Ilaa, wanti raajonni tokko taʼanii mootichatti dubbatan gaarii dha. Maaloo, dubbiin kees dubbii isaanii wajjin tokko haa taʼu;+ atis wanta gaarii dubbadhu” isaan jedhe.+ 13 Mikaayaan garuu, “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, wantuma Waaqni koo jedhun dubbadha” jedhe.+ 14 Achiis gara mootichaatti seene; mootichis, “Mikaayaa, Raamot Giiliyaadiin waraanuuf dhaqu moo dhiisu?” jedhee isa gaafate. Innis yeruma sana, “Dhaqaa; milkaaʼina ni argattu; isaan harka keessanitti dabarfamanii ni kennamu” jedhee isaaf deebise. 15 Yeroo kanatti mootichi, “Maqaa Yihowaatiin dhugaa isaa malee wanta kan biraa akka natti hin himne yeroo meeqan si kakachiisa?” isaan jedhe. 16 Kanaafuu inni, “Israaʼelonni hundi akka hoolota tiksee hin qabneetti gaarota irratti faffacaʼanii nan arga.+ Yihowaan, ‘Isaan kun gooftaa hin qaban. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan gara mana mana isaaniitti haa deebiʼan’ jedheera” jedhe.

17 Mootiin Israaʼelis Yoshaafaaxiin, “‘Inni waaʼee koo wanta hamaa malee raajii gaarii taʼe hin dubbatu’ jedhee sitti himee hin turree?” jedhe.+

18 Achiis Mikaayaan akkana jedhe: “Egaa, dubbii Yihowaa dhagaʼi: Ani, Yihowaan teessoo isaa irra taaʼee,+ guutummaan raayyaa samiis+ karaa mirga isaa fi karaa bitaa isaa dhaabbatanii nan arge.+ 19 Achiis Yihowaan, ‘Inni ol baʼee Raamot Giiliyaaditti akka duʼuuf, eenyutu Ahaab mootii Israaʼeliin gowwoomsa?’ jedhe. Inni tokko yommuu wanta tokko jedhu, inni kan biraan immoo wanta biraa jedha ture. 20 Achiis hafuurri*+ tokko gara fuulduraatti siqee Yihowaa dura dhaabbatee, ‘Ani isa nan gowwoomsa’ jedhe. Yihowaanis, ‘Akkamitti isa gowwoomsita?’ jedhee isa gaafate. 21 Innis deebisee, ‘Ani baʼee afaan raajota isaa hundumaa keessatti hafuura dogoggorsu nan taʼa’ jedhe. Kanaafuu inni, ‘Ati isa ni gowwoomsita; milkaaʼinas ni argatta. Gad baʼiitii akkuma jette godhi’ isaan jedhe. 22 Yihowaan afaan raajota kee kana keessa hafuura dogoggorsiisu kaaʼeera;+ garuu Yihowaan si irratti badiisa fiduuf murteesseera.”

23 Yeroo kanatti Zedeeqiyaan+ ilmi Kenaʼaanaa Mikaayaatti+ dhihaatee kaballaadhaan isa rukute;+ achiis, “Hafuurri Yihowaa karaa kam na bira darbee sitti dubbate?” isaan jedhe.+ 24 Mikaayaanis, “Eessaan akka si bira darbe guyyaa dhokachuuf kutaa isa gara keessaatti seentu argita” jedhee isaaf deebise. 25 Achiis mootiin Israaʼel akkana jedhe: “Mikaayaa geessaatii Amoon isa ajajaa magaalattii taʼetti, akkasumas Yoʼaas isa ilma mootichaa taʼetti isa kennaa. 26 Akkana isaaniin jedhaa: ‘Mootichi, “Namicha kana mana hidhaatti galchaatii+ hamma ani nagaadhaan deebiʼutti nyaata muraasaa fi bishaan xinnoo qofa isaaf kennaa” jedheera.’” 27 Mikaayaan garuu, “Ati nagaadhaan yoo deebite, Yihowaan karaa koo hin dubbanne jechuu dha” isaan jedhe.+ Itti dabaluudhaanis, “Namoota nana, hundi keessan iyyuu kana dhagaʼaa” jedhe.

28 Kanaafuu, mootiin Israaʼelii fi Yoshaafaax mootiin Yihudaa gara Raamot Giiliyaaditti+ ol ni baʼan. 29 Mootiin Israaʼelis yeroo kanatti Yoshaafaaxiin, “Ani eenyummaa koo dhoksee gara waraanichaatti nan seena; ati garuu uffata mootii uffadhu” jedhe. Kanaafuu, mootiin Israaʼel eenyummaa isaa ni dhokse; isaanis gara waraanichaatti ni seenan. 30 Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa, “Mootii Israaʼelii wajjin malee, xinnaas taʼe guddaa eenyu iyyuu wajjin wal hin waraaninaa” jedhee ajajjoota gaarii fardaa isaa ajajee ture. 31 Ajajjoonni gaarii fardaa sunis Yoshaafaaxiin akkuma arganiin, “Mootiin Israaʼel isa kana dha” jedhanii yaadan. Kanaafuu, isa waraanuuf itti garagalan; Yoshaafaaxis gargaarsa argachuuf ni iyye;+ Yihowaanis isa gargaare; Waaqayyo yeruma sana isa irraa isaan deebise. 32 Ajajjoonni gaarii fardaa sunis inni mootii Israaʼel akka hin taane yommuu argan, yeruma sana isa ariʼuu dhiisanii deebiʼan.

33 Haa taʼu malee, namni tokko akkuma tasaa* iddaa isaa darbatee bakka kootiin sibiilaa isaa itti wal qabatuun mootii Israaʼel ni waraane. Kanaafuu, mootichi namicha gaarii fardaa isaaf oofu sanaan, “Akka malee waanan madaaʼeef, gaarii kana naannessiitii waraanicha* keessaa na baasi” jedhe.+ 34 Waraanichis guyyaa sana guutuu ni finiine; mootichas fuula isaa gara warra Sooriyaatti naannessanii hamma galgalaatti gaarii fardaa sana keessatti hirkisanii dhaaban; innis yommuu aduun lixxu ni duʼe.+

19 Achiis Yoshaafaax mootiin Yihudaa gara mana isaa* isa Yerusaalemitti argamutti nagaadhaan deebiʼe.+ 2 Yehuun+ ilmi Hanaanii+ inni mulʼata argu, isa argachuuf baʼee Yoshaafaax Mootichaan akkana jedhe: “Ati nama hamaa gargaaruu qabdaa?+ Warra Yihowaa jibban hoo jaallachuu qabdaa?+ Sababii kanaatiin dheekkamsi Yihowaa si irratti ni dhufa. 3 Haa taʼu malee, ati utubaawwan waaqeffannaa* biyyattii keessaa haxooftee waan balleessiteef, akkasumas Waaqa dhugaa barbaaddachuuf garaa kee waan qopheessiteef*+ wantoonni gaariin si keessatti argamaniiru.”+

4 Yoshaafaax Yerusaalem keessa jiraachuu isaa itti fufe; namoonni Ber Sheebaadhaa hamma naannoo gaarotaa Efreem+ keessatti argaman gara Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼetti akka deebiʼan gochuuf ammas ni baʼe.+ 5 Kana malees, inni guutummaa biyyattii keessatti, jechuunis magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa keessatti abbootii murtii ni muude.+ 6 Abbootii murtiitiinis akkana jedhe: “Isin namaaf utuu hin taʼin Yihowaadhaaf waan murteessitaniif, akkasumas yommuu murtii dabarsitan inni isinii wajjin waan jiruuf, wanta gootaniif of eeggadhaa.+ 7 Ammas Yihowaa sodaadhaa.+ Haqa jalʼisuun,+ looguunis+ taʼe mattaʼaa fudhachuun+ Waaqa keenya Yihowaa bira waan hin jirreef, wanta gootaniif of eeggadhaa.”

8 Kana malees Yoshaafaax, Yihowaadhaaf abbootii murtii taʼanii akka tajaajilanii fi falmii jiraattota Yerusaalem gidduutti kaʼuuf furmaata akka kennaniif, Yerusaalem keessatti Leewwotaa fi luboota tokko tokko, akkasumas dura buutota manneen abbootii Israaʼel tokko tokko ni muude.+ 9 Innis akkana jedhee isaan ajaje: “Yihowaa sodaachuudhaan, amanamummaa fi garaa guutuudhaan* akkana gochuu qabdu: 10 Obboloonni keessan warri magaalota isaanii keessa jiraatan, himata dhiiga dhangalaasuu+ ilaalchisee yookiin gaaffii seera, ajaja, dambiiwwan yookiin murtiiwwan ilaalchisee qaban fidanii yoo dhufan, Yihowaa duratti yakkamtoota akka hin taaneef isaan akeekkachiisuu qabdu; taʼuu baannaan dheekkamsi isaa isinii fi obboloota keessan irratti ni dhufa. Yakkamtoota akka hin taaneef, wanta kana raawwachuu qabdu. 11 Dhimma Yihowaa hundumaatiif, dura buʼaa lubootaa kan taʼe Amaariyaan inni isin irratti aangoo qabu jira.+ Dhimma mootichaa wajjin wal qabate hundumaatiif, Zebaadiyaan ilmi Ishmaaʼel geggeessaa mana Yihudaa ti. Leewwonni immoo geggeessitoota taʼanii isin tajaajilu. Onnadhaa; jabaadhaatii hojicha hojjedhaa; Yihowaan warra wanta gaarii hojjetanii* wajjin haa taʼu.”+

20 Boodas Moʼaabonnii+ fi Amoononni,+ Amoonimoota* muraasaa wajjin Yoshaafaax irratti waraana banuuf ni dhufan. 2 Kanaafuu Yoshaafaax, “Naannoo galaanichaatii,* jechuunis Edoom+ irraa, namoonni hedduun sitti dhufaa jiru; isaanis Hazaazoon Taamaar, jechuunis Een Gedii+ keessa jiru” jedhamee itti himame. 3 Yeroo kanatti Yoshaafaax ni sodaate; Yihowaa barbaaddachuufis ni murteesse.*+ Kanaafuu, inni guutummaa Yihudaatti sooma labse. 4 Yeroo kanatti, namoonni Yihudaa Yihowaa gaafachuuf walitti qabaman;+ isaan qajeelfama Yihowaa argachuuf guutummaa magaalota Yihudaatii ni dhufan.

5 Achiis Yoshaafaax mana Yihowaa keessa mooraa isa haaraa fuuldura gumii Yihudaa fi gumii Yerusaalem gidduu dhaabbatee 6 akkana jedhe:

“Waaqa abbootii keenyaa kan taate yaa Yihowaa, ati samii keessatti Waaqa mitii?+ Mootummoota sabootaa hundumaa irrattis ol aantummaa qabda mitii?+ Aangoonii fi jabinni harka kee keessa jira; eenyu iyyuu si dura dhaabbachuu hin dandaʼu.+ 7 Yaa Waaqa keenya, ati jiraattota biyya kanaa saba kee Israaʼel duraa ariitee biyyattii sanyii michuu kee Abrahaamiif dhaala bara baraa gootee hin kenninee?+ 8 Isaanis achi keessa ni jiraatan; maqaa keetiifis achitti iddoo qulqulluu ni ijaaran;+ akkana jedhan: 9 ‘Goraadeedhaan, murtii adabaatiin, golfaadhaan yookiin beelaan yommuu balaan nutti dhufu, nuti mana kanaa fi si dura ni dhaabbanna (maqaan kee mana kana keessa waan taʼeef);+ dhiphina keenya irraan kan kaʼe akka nu gargaartus si waammanna; atis nu dhagaʼiitii nu oolchi.’+ 10 Ammas namoonni Amoon, namoonni Moʼaabii fi namoonni naannoo gaarotaa Seʼiir+ warri ati yommuu Israaʼelonni biyya Gibxiitii baʼanitti akka isaan weeraran hin heyyamneef sun as jiru. Israaʼelonni isaan dhiisaniiru; isaan hin balleessines.+ 11 Ammas isaan qabeenya kee isa dhaalaan nuuf kennite keessaa nu ariʼuudhaan gatii nuuf deebisuuf dhufaniiru.+ 12 Yaa Waaqa keenya, ati isaanitti hin murteessituu?+ Namoota hedduu nutti dhufaa jiran kana loluuf nuti humna hin qabnu; wanta gochuu qabnus hin beeknu;+ haa taʼu malee, ijji keenya gara kee ni ilaala.”+

13 Yeroo kanatti namoonni Yihudaa hundi daaʼimman isaanii, haadhotii manaa isaanii fi ijoollee* isaanii wajjin Yihowaa dura dhaabbatanii turan.

14 Achiis gumicha walakkaatti hafuurri Yihowaa, gara Yaahaaziʼel Leewwichaa isa ilma Zakkaariyaas, ilma Benaayaa, ilma Yeyiʼel, ilma Maataaniyaa taʼee fi ilmaan Asaaf keessaa tokko taʼetti ni dhufe. 15 Innis akkana jedhe: “Isin namoonni Yihudaa hundi, isin jiraattonni Yerusaalemii fi Yoshaafaax Mootichis dhagaʼaa! Yihowaan akkana isiniin jedha, ‘Lolli kun kan Waaqayyoo ti malee kan keessan waan hin taaneef, sababii namoota hedduu kanaatiin hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa.+ 16 Boru isaanitti gad buʼaa. Isaanis daandii Ziiz irraan ol ni dhufu; isinis lafa onaa Yeruʼel utuu hin gaʼin qarqara sululichaa* biratti isaan ni argattu. 17 Lola kana irratti hirmaachuun isin hin barbaachisu. Iddoo keessan qabadhaatii dhaabbadhaa;+ fayyina Yihowaan isiniif argamsiisus* ilaalaa.+ Yaa Yihudaa, yaa Yerusaalem, hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa.+ Boru isaanitti baʼaa; Yihowaan isinii wajjin ni taʼa.’”+

18 Yoshaafaaxis yeruma sana fuula isaatiin lafatti gombifamee sagade; guutummaan Yihudaa fi jiraattonni Yerusaalem Yihowaa waaqeffachuuf Yihowaa duratti ni gombifaman. 19 Achiis Leewwonni warri sanyii Qehaatotaa+ fi Qorootaa taʼan sagalee guddaadhaan Yihowaa Waaqa Israaʼeliin jajachuuf kaʼanii dhaabbatan.+

20 Isaanis guyyaa itti aanu ganama barii kaʼanii gara lafa onaa Teqoohaa+ dhaqan. Utuu deemaa jiraniis Yoshaafaax dhaabbatee, “Yaa Yihudaa, isin jiraattonni Yerusaalemis, na dhagaʼaa! Jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, Waaqa keessan Yihowaatti amanaa. Raajota isaatti amanaa;+ milkaaʼina ni argattu.”

21 Innis uummatichaa wajjin erga mariʼatee booda, namoota warra meeshaa waraanaa hidhatan dura buʼanii, “Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee waan dhaabbatuuf,+ Yihowaadhaaf galata galchaa” jedhanii Yihowaa faarfatanii fi uffata qulqullummaa miidhagfame uffatanii isa jajatan ni muude.+

22 Yommuu isaan gammachuudhaan faarfannaa galataa faarfachuu jalqaban, Yihowaan namoota Amoon, namoota Moʼaab, akkasumas namoota naannoo gaarotaa Seʼiir warra Yihudaa weeraran irratti riphee isaan haleele; isaanis wal ajjeesan.+ 23 Amoononnii fi Moʼaabonnis jiraattota naannoo gaarotaa Seʼiir+ irratti kaʼanii haxaaʼanii isaan balleessan; isaan jiraattota Seʼiir erga fixanii boodas, wal balleessan.+

24 Namoonni Yihudaas gara masaraa eegumsaa isa lafa onaa+ keessa jiruutti dhufanii gara namoota sanaa yommuu ilaalan, reeffi isaanii achitti lafa irratti kukkufee argan;+ isaan keessaas namni lubbuudhaan oole tokko illee hin turre. 25 Kanaafuu, Yoshaafaaxii fi namoonni isaa isaan irraa boojuu fudhachuu dhufan; isaanis miʼawwan, uffataa fi wantoota gatii guddaa qaban hedduu ni argatan; hamma baachuu dadhabanittis wantoota hedduu isaan irraa ni saaman.+ Boojuun sun hedduu waan tureef, isa fudhachuuf guyyaa sadii isaanitti fudhate. 26 Guyyaa arfaffaattis Sulula* Beraakaatti walitti ni qabaman; achittis Yihowaa ni jajatan.* Isaan iddoo sana hamma harʼaatti Sulula Beraakaa* jedhanii kan waaman kanaafi.+

27 Yihowaan diinota isaanii akka injifatan gochuudhaan waan isaan gammachiiseef, namoonni Yihudaa fi namoonni Yerusaalem hundi Yoshaafaaxiin of dura buusanii gammachuudhaan gara Yerusaalemitti deebiʼan.+ 28 Kanaafuu, isaan sagalee meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin, sagalee baganaa+ fi sagalee malakataatiin+ gara Yerusaalemitti galan; achiis gara mana Yihowaa deeman.+ 29 Mootummoonni biyyoota sanaa hundi Yihowaan diinota Israaʼel akka waraane yommuu dhagaʼan, Waaqayyo akka naʼan isaan godhe.+ 30 Akka kanaan mootummaan Yoshaafaax jeequmsa irraa walaba taʼe; Waaqni isaas kallattii hundumaatiin boqonnaa isaaf ni kenne.+

31 Yoshaafaax Yihudaa irratti bulchuu isaa itti fufe. Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 35 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 25f ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa yommuu taʼu, ishiin intala Shilhii turte.+ 32 Innis daandii abbaa isaa Aasaa irra deemuu isaa itti fufe.+ Isa irraas hin jalʼanne; wanta Yihowaa duratti sirrii taʼes ni raawwate.+ 33 Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan;+ uummatichis amma iyyuu Waaqa abbootii isaanii barbaaddachuuf garaa isaanii hin qopheeffanne turan.+

34 Seenaan Yoshaafaax inni hafe, jalqabaa kaasee hamma dhumaatti, seenaa Yehuun+ ilmi Hanaanii+ barreessee fi Kitaaba Mootota Israaʼel keessatti dabalame keessatti barreeffameera. 35 Kana booda Yoshaafaax mootiin Yihudaa Akaaziyaa mootii Israaʼel isa wanta hamaa raawwatee wajjin michummaa uume.+ 36 Kanaafuu, dooniiwwan gara Tarshiish+ deeman hojjechuuf walii galan; Eexiyoon Geber+ keessattis dooniiwwan ni hojjetan. 37 Haa taʼu malee, Eliiʼezar ilmi Dodaawaahuu inni nama biyya Maareshaa taʼe, “Ati Akaaziyaa wajjin michummaa waan uumteef, Yihowaan hojiiwwan kee ni balleessa” jedhee Yoshaafaax irratti raajii dubbate.+ Kanaafuu, dooniiwwan sun ni caccaban;+ gara Tarshiishitti deemuus hin dandeenye.

21 Sana booda Yoshaafaax abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit keessattis abbootii isaa wajjin ni awwaalame; ilmi isaa Yooraamis bakka isaa mootii taʼe.+ 2 Obboloonni isaa warri ilmaan Yoshaafaax taʼan, Azaariyaa, Yehiʼel, Zakkaariyaas, Azaariyaa, Mikaaʼelii fi Shefaatiyaa turan; isaan kun hundi ilmaan Yoshaafaax mootii Israaʼel turan. 3 Abbaan isaaniis kennaa meetii fi warqii hedduu, akkasumas wantoota gatii guddaa qaban dabalatee, Yihudaa keessatti magaalota dallaa dhagaa qaban isaaniif kenne;+ haa taʼu malee, inni angafa waan tureef mootummicha Yooraamiif kenne.+

4 Yooraam mootummaa abbaa isaa yommuu of harka galfatu, obboloota isaa hundumaa fi bulchitoota Israaʼel tokko tokko goraadeedhaan ajjeesuudhaan aangoo isaa ni cimsate.+ 5 Yooraam yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 32 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa saddeetiif ni bulche.+ 6 Inni intala Ahaab waan fuudheef,+ akkuma warri mana Ahaab godhanitti daandii mootonni Israaʼel irra deeman irra ni deddeebiʼe;+ wanta Yihowaa duratti hamaa taʼes ni raawwate. 7 Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo hunda isaa fi ilmaan isaatiif ibsaa akka kennu waadaa galee waan tureef,+ kakuu Daawitii wajjin galeef jedhee mana Daawit balleessuu hin barbaanne.+

8 Bara isaatti Edoom Yihudaa irratti fincila kaastee+ mootii ofii ishii muuddatte.+ 9 Kanaafuu, Yooraamii fi ajajjoonni raayyaa waraanaa isaa gaariiwwan fardaa isaa hundumaa wajjin ni ceʼan; innis halkaniin kaʼee Edoomota warra isattii fi ajajjoota gaarii fardaa sanatti marsanii turan ni injifate. 10 Haa taʼu malee, Edoom hamma harʼaatti Yihudaa irratti akkuma fincila kaastetti jirti. Inni Yihowaa isa Waaqa abbootii isaa taʼe waan dhiiseef,+ Libnaanis+ yeroo sanatti isa irratti fincila ni kaaste. 11 Kana malees inni jiraattonni Yerusaalem karaa hafuuraa sagaagalummaa akka raawwatan gochuuf, gaarota Yihudaa irratti iddoowwan ol kaʼoo ni hojjete;+ Yihudaas karaa irraa ni jalʼise.

12 Yeroo booda ergaan barreeffamaa akkana jedhu Eeliyaas+ raajicha biraa gara isaa ni dhufe: “Yihowaan inni Waaqa Daawit abbaa keetii taʼe akkana jedha: ‘Ati daandiiwwan abbaa kee Yoshaafaax+ irra yookiin daandiiwwan Aasaa+ mootii Yihudaa irra hin deemne. 13 Kanaa mannaa, daandii mootota Israaʼel irra ni deemte;+ akkasumas, Yihudaanii fi jiraattonni Yerusaalem karaa hafuuraa sagaagalummaa+ isa kan mana Ahaabii wajjin wal fakkaatu akka raawwatan ni goote;+ obboloota kee warra maatii abbaa keetii taʼanii fi si irra wayyan illee ni ajjeeste.+ 14 Kanaan kan kaʼes, Yihowaan saba kee, ilmaan kee, haadhotii manaa kee fi qabeenya kee hundumaa dhaʼicha guddaadhaan ni rukuta. 15 Atis dhukkuba marʼimaanii dabalatee dhukkuboota hedduudhaan ni dhiphatta; hamma marʼimaan kee gad baʼuttis dhukkubichi guyyaa guyyaadhaan sitti cimaa deema.’”

16 Achiis Yihowaan Filisxeemotaa*+ fi Araboota+ warra namoota Itoophiyaatti dhihoo jiran Yooraam irratti ni kakaase.+ 17 Kanaafuu, isaan Yihudaa ni weeraran; cabsanii seenuudhaanis qabeenya mana mootichaa keessatti argame hundumaa,+ akkasumas ilmaan isaa fi haadhotii manaa isaa ni fudhatan; kan isaaf hafe ilma isaa isa quxisuu kan taʼe Yehoʼahaaz*+ qofa ture. 18 Kana hundumaa boodas, Yihowaan dhukkuba marʼimaanii hin fayyineen isa rukute.+ 19 Waggoonni guutuun lama darbanii yeroo muraasa booda, dhukkuba isaatiin kan kaʼe marʼimaan isaa isa keessaa ni baʼe; dhukkuba sanaan baayʼee erga dhiphatee boodas ni duʼe; sabni isaa akka abbootii isaatiif gochaa turanitti ulfina isaatiif ibidda hin bobeessine.+ 20 Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 32 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa saddeetiif ni bulche. Yeroo duʼettis namni tokko illee isaaf hin gaddine. Kanaafuu, isaan Magaalaa Daawit keessatti isa awwaalan;+ haa taʼu malee, kan isa awwaalan iddoowwan awwaalchaa moototaa keessatti hin turre.+

22 Tuutni weerartootaa Arabootaa wajjin gara buufatichaa dhufan ilmaan isaa warra angafoota taʼan hundumaa waan ajjeesaniif, jiraattonni Yerusaalem ilma isaa isa quxisuu kan taʼe Akaaziyaa bakka isaa mootii godhan.+ Kanaafuu, Akaaziyaan ilmi Yooraam mootii Yihudaa taʼee bulchuu jalqabe.+ 2 Akaaziyaan yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 22 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokkoof ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa+ yeroo taʼu, ishiin intala ilma* Omrii+ turte.

3 Haati isaa wanta hamaa akka raawwatu isa gorsaa waan turteef, inni daandiiwwan mana Ahaab+ irra ni deeme. 4 Isaan abbaan isaa erga duʼee booda badiisa isaatiif isa gorsaa waan turaniif, innis akkuma mana Ahaab wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaa itti fufe. 5 Inni gorsa isaanii fudhatee Yooraam ilma Ahaab mootii Israaʼelii wajjin Raamot Giiliyaaditti+ Hazaaʼel+ mootii Sooriyaa waraanuu dhaqe; achittis warri xiyya darbatan Yooraamiin ni madeessan. 6 Innis yeroo Hazaaʼel mootii Sooriyaa wajjin wal waraanaa turetti madaa Raamaatti isa madeessan irraa bayyanachuuf gara Yezriʼelitti+ deebiʼe.+

Akaaziyaan* ilmi Yooraam+ inni mootii Yihudaa taʼe, Yooraam+ ilmi Ahaab madaaʼee* waan tureef, isa ilaaluuf gara Yezriʼelitti gad buʼe.+ 7 Waaqayyo garuu Akaaziyaan gara Yooraamitti gad buʼuu isaatiin kan kaʼe kufaatiin akka isa irra gaʼu godhe; innis dhufee Yehuu+ isa ilma ilma* Niimshii taʼee fi Yihowaan mana Ahaab akka balleessuuf* dibe sana+ argachuuf Yooraamii wajjin gad buʼe. 8 Yehuun yommuu murtii mana Ahaab irratti dabarfame raawwachiisuu jalqabus, bulchitoota Yihudaa fi ilmaan obboloota Akaaziyaa warra tajaajiltoota Akaaziyaa turan argatee isaan ajjeese.+ 9 Achiis Akaaziyaa barbaaduu jalqabe; isaanis Samaariyaa keessatti bakka dhokatee jirutti isa qabanii gara Yehuutti isa fidan. Achiis isa ajjeesan; “Inni ilma ilma Yoshaafaax isa garaa isaa guutuudhaan Yihowaa barbaaddate sanaa ti”+ jedhanii waan yaadaniifis isa ni awwaalan.+ Yeroo kanatti mana Akaaziyaa keessaa namni mootummicha irratti bulchuuf gaʼumsa qabu tokko illee hin jiru ture.

10 Ataaliyaan+ haati Akaaziyaa ilmi ishii akka duʼe yommuu argitu kaatee mana Yihudaatii warra sanyii mootii taʼan hundumaa* balleessite.+ 11 Haa taʼu malee, Yoshaabet intalli mootichaa ilmaan mootichaa warra ajjeefamuuf jedhan gidduudhaa Yoʼaas+ ilma Akaaziyaa hattee fudhattee isaa fi guddiftuu isaa kutaa ciisichaa isa gara keessaa jiru keessa keesse. Yoshaabet intalli Yooraam+ Mootichaa (ishiin haadha manaa Yehoyaadaa+ lubichaa fi obboleettii Akaaziyaa turte) Ataaliyaa jalaa waan isa dhoksiteef, ishiin isa hin ajjeesne.+ 12 Yommuu Ataaliyaan biyyattii bulchaa turtetti, inni mana Waaqa dhugaa keessa dhokatee waggaa jaʼaaf isaanii wajjin jiraate.

23 Waggaa torbaffaatti Yehoyaadaan ija jabinaan tarkaanfii fudhatee ajajjoota dhibbaa,+ jechuunis Azaariyaa ilma Yerohaam, Ishmaaʼel ilma Yehohaanaan, Azaariyaa ilma Yoobeed, Maaʼaaseyaa ilma Adaayaa fi Elishaafaax ilma Zikrii wajjin walii galtee* godhe. 2 Achiis isaan guutummaa Yihudaa keessa naannaʼanii magaalota Yihudaa hundumaa keessaa Leewwotaa+ fi dura buutota manneen abbootii Israaʼel walitti ni qaban. Yommuu gara Yerusaalemitti dhufanis, 3 guutummaan gumichaa mana Waaqa dhugaa keessatti mootichaa wajjin kakuu gale;+ achiis Yehoyaadaan akkana isaaniin jedhe:

“Yihowaan ilmaan Daawit ilaalchisee akkuma waadaa galetti kunoo, ilmi mootichaa ni bulcha.+ 4 Isin akkana godhaa: Luboonnii fi Leewwonni guyyaa Sanbataatti hojii galan+ harka sadii keessaa harki tokko karra eegdota ni taʼu;+ 5 warri harka sadii keessaa harka tokko taʼan kaan mana mootichaa+ bira, warri harka sadii keessaa harka tokko taʼan kaan immoo Karra Buʼuurichaa bira ni taʼu; guutummaan sabichaa immoo mooraawwan mana Yihowaa+ keessa ni taʼa. 6 Lubootaa fi Leewwota warra tajaajilan malee, eenyu iyyuu gara mana Yihowaatti akka seenu hin heyyaminaa.+ Kanneen kun garee qulqulluu waan taʼaniif achi keessa seenuu ni dandaʼu; guutummaan sabichaa garuu dirqama Yihowaan isaaf kenne ni raawwata. 7 Leewwonni tokkoon tokkoon isaanii meeshaawwan waraanaa isaanii harkatti qabatanii kallattii hundumaatiin mootichatti haa marsan. Namni manichatti seenu kam iyyuu ni ajjeefama. Bakka inni dhaqu* hundumaatti mootichaa wajjin taʼaa.”

8 Leewwonnii fi guutummaan Yihudaas akkuma Yehoyaadaan lubichi isaan ajaje godhan. Yehoyaadaan lubichi gareewwan+ sana hojii isaanii irraa bilisa akka taʼan waan hin gooneef, tokkoon tokkoon isaanii namoota isaanii warra guyyaa Sanbataatti hojii galanii fi warra guyyaa Sanbataatti hojii irraa bilisa taʼan ni fudhatan.+ 9 Achiis Yehoyaadaan lubichi eeboowwan, gaachana xixinnoo,* akkasumas gaachanoota mana Waaqa dhugaa keessa turanii+ fi kan Daawit Mootichaa taʼan+ ajajjoota dhibbaatiif+ ni kenne. 10 Innis namoonni sun hundi tokkoon tokkoon isaanii meeshaa waraanaa isaanii* harkatti qabatanii, manicha irraa gara mirgaatii jalqabee hamma manicha irraa gara bitaatti, iddoo aarsaa birattii fi manicha biratti mootichatti marsanii akka dhaabbatan godhe. 11 Achiis ilma mootichaa+ gad baasanii gonfoo fi Dhugaa Baatuu* sana isa irra kaaʼanii+ mootii isa godhan; Yehoyaadaanii fi ilmaan isaas isa ni diban. Sana booda, “Mootichi bara baraaf haa jiraatu!” jedhan.+

12 Ataaliyaanis namoonni yeroo fiiganii fi mooticha yeroo jajatan yommuu dhageessu, yeruma sana gara namoota mana Yihowaatti argaman sanaa dhufte.+ 13 Achiis mootichi utubaa isaa isa karricha biratti argamu bira dhaabbatee isa argite. Bulchitoonnii+ fi warri malakata afuufan mootichaa wajjin turan; namoonni biyyattii hundis gammadaa+ fi malakata afuufaa turan; faarfattoonni meeshaawwan muuziqaa qabatanis faarfannaawwan sana geggeessaa* turan. Yeroo kanatti Ataaliyaan uffata ishii tarsaastee, “Kun daba dha! Kun daba dha!” jettee iyyite. 14 Haa taʼu malee, Yehoyaadaan lubichi ajajjoota dhibbaa warra raayyaa waraanaa irratti muudaman gad baasee, “Tarree sana gidduudhaa ishii baasaa; eenyu iyyuu yoo ishii duukaa buʼe, goraadeedhaan isa ajjeesaa!” isaaniin jedhe. Lubichi, “Mana Yihowaa keessatti ishii hin ajjeesinaa” jedhee ture. 15 Kanaafuu, isaan ishii ni qaban; yommuu ishiin Karra Fardaa isa mana mootichaatti itti galan bira geessus yeruma sana achitti ishii ajjeesan.

16 Achiis Yehoyaadaan, isaan saba Yihowaa taʼanii akka itti fufaniif, ofii isaa, guutummaa sabichaa fi mooticha gidduutti kakuun akka galamu godhe.+ 17 Sana booda namoonni hundi gara mana* Baʼaal dhufanii manicha ni diigan;+ iddoowwan aarsaa isaa fi fakkiiwwan isaas ni caccabasan;+ Maataan isa luba Baʼaal tures iddoo aarsaa duratti ni ajjeesan.+ 18 Achiis Yehoyaadaan lubootaa fi Leewwota ilaaltota ol aanaa godhee mana Yihowaa irratti ni muude; isaanis warra akka Seera Musee keessatti barreeffamettii+ fi akka Daawit ajajetti* gammachuu fi faarfannaadhaan Yihowaadhaaf aarsaa gubamu akka dhiheessaniif Daawit mana Yihowaa irratti gareedhaan ramade turan.+ 19 Kana malees, inni namni karaa kamiin iyyuu xuraaʼaa taʼe akka keessa hin galleef, karrawwan mana Yihowaa bira karra eegdota+ ni dhaabbachiise. 20 Achiis ajajjoota dhibbaa,+ namoota guguddaa, bulchitoota sabichaa fi namoota biyyattii hunda walitti qabe; isaanis mooticha duukaa buʼanii mana Yihowaatii gad isa fidan. Achiis karaa karra isa olii gara mana mootichaatti seenanii mooticha teessoo+ mootummaa+ irra kaaʼan. 21 Isaan Ataaliyaa goraadeedhaan waan ajjeesaniif, namoonni biyyattii hundi ni gammadan; magaalattiinis tasgabbii argatte.

24 Yoʼaas yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa torba ture;+ Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 40f ni bulche. Maqaan haadha isaa Ziibiyaa yeroo taʼu, ishiin nama biyya Ber Sheebaa+ turte. 2 Yoʼaas guutummaa bara Yehoyaadaa lubichaatti wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe gochuu isaa itti fufe.+ 3 Yehoyaadaan haadhotii manaa lama isa fuusise; innis ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa ni dhalche.

4 Yoʼaas mana Yihowaa haaressuun hawwii garaa isaa ture.+ 5 Kanaafuu, inni lubootaa fi Leewwota walitti qabee, “Gara magaalota Yihudaatti deemaatii maallaqa waggaa waggaadhaan mana Waaqa keessanii haaressuuf oolu guutummaa Israaʼel irraa walitti qabaa;+ dhimma kanas dafaatii raawwadhaa” isaaniin jedhe. Leewwonni garuu dafanii tarkaanfii hin fudhanne.+ 6 Kanaafuu, mootichi Yehoyaadaa isa dura buʼaa lubootaa taʼe waamee akkana isaan jedhe:+ “Ati, Leewwonni gibira qulqulluu isa Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe ajajee+ fi dunkaana Dhugaa Baatuu+ sanaaf taʼu, jechuunis gibira qulqulluu gumiin Israaʼel kaffalu, Yihudaa fi Yerusaalem irraa akka fidan maaliif hin ajajne? 7 Ilmaan Ataaliyaa+ dubartii hamtuu sanaa, mana Waaqa dhugaa cabsanii seenuudhaan,+ wantoota qulqulluu mana Yihowaa keessa jiran hundumaa waaqeffannaa Baʼaaliif akka itti fayyadaman beekta.” 8 Achiis ajaja mootichaatiin saanduqni+ tokko tolfamee karaa alaa karra mana Yihowaa bira kaaʼame.+ 9 Sana booda, gibira qulqulluu Museen inni tajaajilaa Waaqa dhugaa taʼe lafa onaa keessatti Israaʼel irratti mure Yihowaadhaaf akka fidaniif,+ guutummaa Yihudaa fi Yerusaalemitti labsiin ni himame. 10 Bulchitoonni hundii fi namoonni hundis ni gammadan;+ isaanis hamma inni guututti* buusii fidanii saanduqicha keessa ni buusan.

11 Leewwonni maallaqni hedduun saanduqicha keessa jiraachuu isaa yommuu argan hundatti, saanduqichi mootichatti akka kennamuuf ni fidu turan; achiis barreessaan mootichaa fi bakka buʼaan dura buʼaa lubootaa dhufanii saanduqicha keessaa erga garagalchanii+ booda, saanduqicha iddoo isaatti deebisu turan. Isaan guyyaa guyyaadhaan akkana godhu turan; maallaqa hedduus walitti ni qaban. 12 Achiis mootichii fi Yehoyaadaan maallaqicha warra ol aantummaadhaan hojii tajaajilaa mana Yihowaa keessatti hojjetamu toʼatanitti ni kennu turan; isaan immoo warra mana Yihowaa haaressuuf dhagaa bocanii fi ogummaa harkaa qaban, akkasumas warra mana Yihowaa haaressuuf hojii sibiilaa fi hojii sibiila diimaa hojjetan ni mindeessu turan.+ 13 Warri ol aantummaadhaan hojicha toʼatanis hojicha ni jalqaban; hojiin haaressuu sunis qajeelfama isaan kennaniin hojjetamuu isaa itti fufe; isaanis mana Waaqa dhugaa akkuma duraan turetti ni deebisan, akkasumas ni cimsan. 14 Hojicha akkuma xumuraniinis, maallaqa isa hafe gara mootichaa fi gara Yehoyaadaatti ni fidan; isaanis maallaqicha miʼawwan mana Yihowaatiif barbaachisan, miʼawwan tajaajilichaaf barbaachisanii fi aarsaawwan dhiheessuuf barbaachisan, akkasumas xoofoowwan, miʼawwan warqii fi meetii hojjechuuf itti fayyadaman.+ Bara Yehoyaadaan ture hundumaattis mana Yihowaatti yeroo hundumaa aarsaawwan gubaman+ ni dhiheessu turan.

15 Yehoyaadaan dulloomee umurii quufee duʼe; inni yeroo duʼetti umuriin isaa waggaa 130 ture. 16 Inni Waaqa dhugaa fi mana isaa wajjin haala wal qabateen Israaʼel keessatti wanta gaarii taʼe waan raawwateef,+ Magaalaa Daawit keessatti moototaa wajjin isa awwaalan.+

17 Yehoyaadaan erga duʼee booda, bulchitoonni Yihudaa dhufanii mootichaaf ni sagadan; mootichis isaan ni dhagaʼe. 18 Isaan mana Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼe sanaa dhiisanii utubaawwan waaqeffannaa* fi waaqolii tolfamoo tajaajiluu jalqaban; yakka isaaniitiin kan kaʼes, Yihudaa fi Yerusaalem irratti dheekkamsi Waaqayyoo ni dhufe.* 19 Yihowaan gara isaatti akka isaan deebisaniif raajota isaaniif erga ture; isaanis isaan akeekkachiisu* turan; isaan garuu dhagaʼuu didan.+

20 Hafuurri Waaqayyoo Zakkaariyaas ilma Yehoyaadaa+ lubichaa irra ni buʼe;* innis sabicha dura iddoo ol kaʼaa taʼe irra dhaabbatee, “Waaqni dhugaan akkana jedha: ‘Ajajawwan Yihowaa kan cabsitan maaliifi? Isin milkaaʼina hin argattan! Yihowaa waan dhiistaniif, innis isin ni dhiisa’”+ isaaniin jedhe. 21 Isaan garuu isa irratti mariʼatanii+ ajaja mootichaatiin mooraa mana Yihowaa keessatti dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan.+ 22 Yoʼaas Mootichi jaalala amanamaa abbaan isaa* Yehoyaadaan isatti argisiise ni irraanfate; ilma isaas ni ajjeese; innis yommuu duʼuuf jedhutti, “Yihowaan kana haa ilaalu; akka hojii keettis siif haa deebisu” jedhe.+

23 Jalqaba waggichaattis raayyaan waraanaa Sooriyaa Yoʼaasiin waraanuu dhufe; isaanis Yihudaa fi Yerusaalemiin ni weeraran.+ Achiis isaan bulchitoota sabichaa hundumaa ni fixan;+ wanta boojiʼan hundumaas mootii Damaasqootiif ni ergan. 24 Raayyaan waraanaa Sooriyaa inni weerartuu taʼe namoota muraasa kan qabu taʼus, sabichi Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼe waan dhiisaniif, Yihowaan raayyaa waraanaa guddaa harka isaaniitti dabarsee kenne;+ kanaafuu, isaan* murtii Yoʼaas irratti dabarfame ni raawwachiisan. 25 Isaan isa dhiisanii yommuu deebiʼan (isaan akka malee waan isa madeessaniif*), inni dhiiga ilmaan* Yehoyaadaa lubichaa waan dhangalaaseef, tajaajiltoonni isaa isa irratti ni mariʼatan.+ Isaanis utuma inni siree isaa irra jiruu isa ajjeesan.+ Innis ni duʼe; isaanis iddoowwan awwaalchaa moototaa keessatti utuu hin taʼin,+ Magaalaa Daawit keessatti isa awwaalan.+

26 Warri isa irratti mariʼatan,+ Zaabaad ilma Shimeʼaat Amoonittii fi Yehozaabaad ilma Shimriit Moʼaabittii turan. 27 Ilmaan isaa fi murtiiwwan hedduu isa irratti dabarfaman,+ akkasumas mana Waaqa dhugaa haaressuu*+ isaa ilaalchisee wantoonni kun hundi barreeffamoota* Kitaaba Moototaa keessatti barreeffamaniiru. Ilmi isaa Amaaziyaanis bakka isaa mootii taʼe.

25 Amaaziyaan yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 29f ni bulche. Maqaan haadha isaa Yehoʼaadaan yeroo taʼu, ishiin nama Yerusaalem turte.+ 2 Amaaziyaan garaa isaa guutuudhaan taʼuu baatus, wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni raawwate. 3 Mootummichi isa jalatti akkuma isaaf jabaateen, tajaajiltoota isaa warra abbaa isaa mooticha ajjeesan ni ajjeese.+ 4 Haa taʼu malee, wanta Seericha keessatti, jechuunis kitaaba Musee keessatti, “Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif hin ajjeefamin; ijoolleenis sababii abbootii isaaniitiif hin ajjeefamin; kanaa mannaa, tokkoon tokkoon namaa cubbuu ofii isaatiif haa ajjeefamu” jedhamee barreeffame keessatti ajaja Yihowaan kennee wajjin haala wal simuun inni ilmaan isaanii hin ajjeesne.+

5 Achiis Amaaziyaan namoota Yihudaa walitti qabee akka manneen abbootii isaaniitti ajajjoota kumaa fi ajajjoota dhibbaatiin guutummaa Yihudaa fi guutummaa Biiniyaam bakka buʼanii akka dhaabbatan godhe.+ Innis warra umuriin isaanii waggaa 20 fi sanaa ol taʼe ni galmeesse;+ loltoota leenjiʼan* warra eeboo fi gaachana guguddaatti fayyadamuu fi raayyaa waraanaa keessatti tajaajiluu dandaʼan 300,000 ni argate. 6 Kana malees, inni meetii taalaantii* 100n loltoota jajjaboo 100,000 Israaʼel keessaa ni mindeesse. 7 Haa taʼu malee, namni Waaqa dhugaa tokko gara isaa dhufee akkana isaan jedhe: “Yaa mootii, Yihowaan Israaʼelii wajjinis taʼe warra Efreem keessaa nama kam iyyuu wajjin waan hin taaneef,+ raayyaan waraanaa Israaʼel sii wajjin akka deemu hin godhin. 8 Kanaa mannaa, kophaa kee dhaqi; tarkaanfii fudhadhu; lola irrattis onnataa taʼi. Taʼuu baannaan, Waaqayyo gargaaruufis taʼe gufachiisuuf humna waan qabuuf, Waaqni dhugaan diina duratti si gufachiisuu dandaʼa.”+ 9 Yeroo kanatti Amaaziyaan nama Waaqa dhugaa sanaan, “Garuu taalaantiin 100 inni ani loltoota Israaʼeliif kenne hoo akkam taʼa?” jedhe. Namni Waaqa dhugaa sunis deebisee, “Yihowaan wanta kana irra baayʼee caalu siif kennuu ni dandaʼa” isaan jedhe.+ 10 Kanaafuu, Amaaziyaan loltoota Efreem irraa gara isaa dhufan sana gara iddoo isaaniitti akka deebiʼan isaan erge. Haa taʼu malee, isaan namoota Yihudaatti baayʼee waan aaraniif, aariidhaan gubachaa gara iddoo isaaniitti deebiʼan.

11 Achiis Amaaziyaan onnatee loltoota isaa gara Sulula Soogiddaatti+ geesse; namoota Seʼiir 10,000s ni ajjeese.+ 12 Namoonni Yihudaas namoota 10,000 ni boojiʼan. Achiis gara fiixee kattaatti isaan geessanii, fiixee kattaa sanaa irraa gad isaan darbatan; hundi isaaniis caccabanii hurraaʼan. 13 Haa taʼu malee, miseensonni loltootaa warri Amaaziyaan isaa wajjin gara waraanichaatti akka hin deemne deebise+ sun, magaalota Yihudaa warra Samaariyaadhaa+ jalqabee hamma Beet Hooronitti+ argaman ni weeraran; achittis namoota 3,000 ni ajjeesan; boojuu hedduus ni fudhatan.

14 Haa taʼu malee, Amaaziyaan Edoomota rukutee erga deebiʼee booda, waaqolii namoota Seʼiir fudhatee, waaqolii godhee ofii isaatiif ni dhaabe;+ isaan duratti sagaduu fi isaaniif aarsaa aarfamu dhiheessuus ni jalqabe. 15 Kanaan kan kaʼes, Yihowaan Amaaziyaatti baayʼee ni dheekkame; achiis raajii, “Waaqolii sabootaa warra saboota ofii isaanii harka kee keessaa oolchuu dadhaban duukaa maaliif buuta?” isaan jedhu tokko isatti ni erge.+ 16 Utuma inni isatti dubbachaa jiruus, mootichi, “Nuti gorsituu mootichaa akka taatuuf si muudneerraa?+ Cal jedhi!+ Taʼuu baannaan ni ajjeefamta” isaan jedhe. Achiis raajichi ni callise; haa taʼu malee inni itti dabaluudhaan, “Ati kana waan gooteef, gorsa koos waan hin dhageenyeef, Waaqayyo si balleessuuf akka murteesse ani beeka” jedhe.+

17 Amaaziyaan mootiin Yihudaa gorsitoota isaa wajjin erga mariʼatee booda, Yoʼaas ilma Yehoʼahaaz ilma Yehuu isa mootii Israaʼel taʼetti dhaamsa ergee, “Kottu, wal haa lollu”* isaan jedhe.+ 18 Yoʼaas mootiin Israaʼel immoo gara Amaaziyaa mootii Yihudaatti akkana jedhee dhaamsa erge: “Qoreen Libaanon keessatti argamu, ‘Intala tee ilma kootti heerumsiisi’ jedhee gara gaattiraa Libaanon keessatti argamuutti dhaamsa erge. Haa taʼu malee, bineensi bosonaa Libaanon tokko utuu achiin darbuu qoree sana irra ejjete. 19 Ati, ‘Kunoo, ani* Edoomiin rukuteera’ jetteetta.+ Kanaan kan kaʼes, ulfina argachuu barbaaddee of tuulteetta. Amma garuu manuma* kee keessa taaʼi. Maaliif badii ofitti kakaastee, Yihudaan sii wajjin akka kuftu goota?”

20 Amaaziyaan garuu hin dhageenye;+ sababiin isaas, isaan waaqolii Edoom duukaa buʼuu isaaniitiin kan kaʼe,+ Waaqni dhugaan harka diinaatti dabarsee isaan kennuuf jecha kun akka taʼu godhee ture.+ 21 Kanaafuu, Yoʼaas mootiin Israaʼel ol ni baʼe; innii fi Amaaziyaan mootiin Yihudaas Beet Sheemesh+ ishii kan Yihudaa taate keessatti wal lolan. 22 Yihudaanis Israaʼeliin ni moʼame; kanaafuu, tokkoon tokkoon isaanii gara mana mana* isaaniitti baqatan. 23 Yoʼaas mootiin Israaʼelis Beet Sheemeshitti Amaaziyaa mootii Yihudaa ilma Yoʼaas ilma Yehoʼahaaz* ni qabate. Achiis gara Yerusaalemitti isa fide; Karra Efreem+ irraa jalqabee hamma Karra Goleetti+ dallaa Yerusaalem dhundhuma 400* ni diige. 24 Innis warqii, meetii fi miʼawwan mana Waaqa dhugaa keessatti argaman warra Obeed Edoom bira* turanii fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessatti argaman hunda, akkasumas namoota boojiʼaman ni fudhate.+ Achiis gara Samaariyaatti deebiʼe.

25 Yoʼaas+ ilmi Yehoʼahaaz mootiin Israaʼel erga duʼee booda, Amaaziyaan+ ilmi Yoʼaas mootiin Yihudaa waggaa 15f ni jiraate.+ 26 Seenaan Amaaziyaa inni hafe, jalqabaa kaasee hamma dhumaatti, Kitaaba Mootota Yihudaa fi Israaʼel keessatti barreeffameera mitii? 27 Yeroo Amaaziyaan Yihowaa duukaa buʼuu irraa garagalee jalqabee, isaan Yerusaalem keessatti isa irratti ni mariʼatan;+ innis gara Laakiishitti baqate; haa taʼu malee, isaan isa duubaan gara Laakiishitti namoota erganii achitti isa ajjeesan. 28 Achiis fardeen irratti feʼanii isa deebisan; abbootii isaa wajjinis magaalaa Yihudaa keessatti isa awwaalan.

26 Achiis namoonni Yihudaa hundi Ooziyaa+ isa umuriin isaa waggaa 16 taʼe fuudhanii bakka abbaa isaa Amaaziyaa mootii isa godhan.+ 2 Mootichi* abbootii isaa wajjin erga boqotee booda, inni Eelootiin+ deebisee ijaaree Yihudaadhaaf ishii deebise.+ 3 Ooziyaan+ yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 16 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 52f ni bulche. Maqaan haadha isaa Yikooliyaa yeroo taʼu, ishiin nama Yerusaalem turte.+ 4 Akkuma abbaan isaa Amaaziyaan godhe, innis wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni godhe.+ 5 Inni bara Zakkaariyaas isa Waaqa dhugaa akka sodaatu isa barsiise sanaatti Waaqa ni barbaaddata ture. Yeroo inni Yihowaa barbaaddachaa turettis Waaqni dhugaan badhaadhina isaaf ni kenne.+

6 Innis baʼee Filisxeemotaa+ wajjin wal waraanuudhaan, dallaa Gaat,+ dallaa Yaabnee+ fi dallaa Ashdood+ ni diige. Achiis naannoo Ashdoodii fi naannoo Filisxeemotaa keessatti magaalota ni ijaare. 7 Waaqni dhugaanis Filisxeemota, Araboota+ warra Gurbaʼaal keessa jiraatanii fi namoota Meʼuniim akka moʼu isa gargaare. 8 Amoononnis+ Ooziyaadhaaf gibira kaffaluu jalqaban. Inni akka malee humna qabeessa waan taʼeef, dhuma irratti beekamummaan isaa hamma Gibxiitti babalʼate. 9 Kana malees, Ooziyaan Yerusaalem keessatti Karra Golee,+ Karra Sululaa+ fi Deggertuu Dallaa biratti masaraawwan ni ijaare;+ isaaniinis ni cimse. 10 Dabalataanis, inni lafa onaa keessatti masaraawwan ni ijaare;+ boollawwan bishaan itti kuusan hedduus ni qote* (sababiin isaas, inni horii hedduu qaba ture); Shefelaa fi dirree sana keessattis akkanuma ni godhe. Inni hojii qonnaa waan jaallatuuf, gaarotaa fi Qarmeelos keessatti qonnaan bultootaa fi namoota maasii wayinii keessatti hojjetan qaba ture.

11 Kana malees, Ooziyaan raayyaa waraanaa waraanaaf hidhate qaba ture. Isaanis garee gareedhaan gurmaaʼanii waraanaaf ni baʼu turan. Yeyiʼel inni barreessaa+ taʼee fi Maaʼaaseyaan inni geggeessaa taʼe, ajaja Hanaaniyaa isa bulchitoota mootichaa keessaa tokko taʼe jala taʼanii isaan ni lakkaaʼu, akkasumas ni galmeessu turan.+ 12 Guutummaan dura buutota manneen abbootii warri loltoota jajjaboo kana irratti aangoo qaban lakkoofsi isaanii 2,600 ture. 13 Loltoonni hidhatan warri ajaja isaanii jala turanii fi waraanaaf qophaaʼan lakkoofsi isaanii 307,500 ture; kunis humna waraanaa jabaa namoota diina waraanuu irratti mooticha gargaaran qabate dha.+ 14 Ooziyaanis guutummaa raayyaa waraanaa sana gaachanoota, eeboowwan,+ baarmeexaawwan sibiilaa, kootiiwwan sibiilaa,+ iddaawwanii fi dhagoota furrisaa+ ni hidhachiise. 15 Kana malees, inni Yerusaalem keessatti meeshaawwan waraanaa namoota ogummaa qabaniin qophaaʼe ni hojjete; meeshaawwan kunis masaraawwanii+ fi golee dallaawwanii irra kaaʼamanii xiyyawwan futtaasuu fi dhagoota guguddaa darbachuuf oolu turan. Inni gargaarsa guddaa waan argateef, jabaachaas waan deemeef, bakka hundumaatti beekamaa ni taʼe.

16 Haa taʼu malee, inni akkuma jabaachaa deemeen, of tuuluudhaan badiisa ofitti fide; iddoo aarsaa ixaanaa irratti ixaana aarsuuf mana qulqullummaa Yihowaatti seenuudhaan Waaqa isaa Yihowaadhaaf amanamaa utuu hin taʼin hafe.+ 17 Azaariyaan lubichii fi luboonni Yihowaa onnatoo taʼan 80ni kaan yeruma sana isa duukaa buʼanii gara keessaatti seenan. 18 Achiis, “Yaa Ooziyaa, ati Yihowaadhaaf ixaana aarsuun kee sirrii miti!+ Isaan sanyii Aaron warra qulqulleeffaman waan taʼaniif ixaana aarsuu kan qaban luboota qofa dha.+ Ati amanamaa waan hin taaneef, iddoo qulqulluu keessaa baʼi; kana gochuun kee Yihowaa biraa ulfina siif hin argamsiisu” jedhanii Ooziyaa Mooticha morman.

19 Haa taʼu malee, Ooziyaan inni ixaana aarsuuf qodaa ixaanaa harka isaatti qabatee ture ni dheekkame;+ utuma inni lubootatti dheekkamaa jiruus, mana Yihowaa keessatti iddoo aarsaa ixaanaa biratti luboota duratti dhukkubni nadaayii+ adda isaa irratti baʼe. 20 Azaariyaan inni dura buʼaa lubootaa taʼee fi luboonni hundi gara isaatti yommuu garagalan, addi isaa dhukkuba nadaayiitiin rukutamee argan! Kanaafuu, isaan hatattamaan achi keessaa gad isa baasan; Yihowaan waan isa rukuteef innis ariifatee gad baʼe.

21 Ooziyaan Mootichi hamma guyyaa duʼa isaatti dhukkuba nadaayiitiin qabamee jiraate; inni dhukkuba nadaayiitiin qabamee mana adda baafame tokko keessa kophaa isaa jiraate;+ mana Yihowaa keessa akka hin seennes dhorkamee ture. Ilmi isaa Yootaam mana mootichaa irratti itti gaafatamaa taʼee namoota biyyattiitiif murtii kenna ture.+

22 Isaayyaas+ raajichi ilmi Amooz, jalqabaa kaasee hamma dhumaatti seenaa Ooziyaa isa hafe barreesseera. 23 Achiis Ooziyaan abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanis abbootii isaa wajjin isa ni awwaalan; taʼus isaan, “Inni nama dhukkuba nadaayiitiin qabame dha” jechuudhaan dirree iddoo awwaalchaa moototaatii alatti argamu keessatti isa awwaalan. Ilmi isaa Yootaamis+ bakka isaa mootii taʼe.

27 Yootaam+ yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 16f ni bulche. Maqaan haadha isaa Yerushaa yeroo taʼu, ishiin intala Saadoq turte.+ 2 Akkuma abbaan isaa Ooziyaan godhe, innis wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni godhe;+ inni garuu kutaa mana qulqullummaa Yihowaa isa dhorkametti hin seenne.+ Haa taʼu malee, uummatichi amma iyyuu gocha hamaa ni raawwata ture. 3 Inni karra mana Yihowaa isa olii ni ijaare;+ akkasumas dallaa dhagaa Ofeel+ irratti hojii ijaarsaa hedduu raawwate. 4 Kana malees, naannoowwan gaarotaa Yihudaa keessatti+ magaalota ni ijaare;+ naannoowwan bosonaa keessattis iddoowwan dallaa dhagaa qabanii+ fi masaraawwan+ ni ijaare. 5 Innis mootii Amoonotaa irratti waraana banee+ dhuma irratti isaan ni moʼe; kanaafuu, Amoononni waggaa sanatti meetii taalaantii* 100, qamadii safartuu qorosii* 10,000 fi garbuu safartuu qorosii 10,000 isaaf ni kennan. Amoononni waggaa lammaffaattii fi waggaa sadaffaattis kana isaaf ni kaffalan.+ 6 Yootaam Waaqa isaa Yihowaa duratti daandii isaa waan cimsateef* jabaachaa adeeme.

7 Seenaan Yootaam inni hafe, waraanni inni godhee fi daandiin inni hordofe hundi Kitaaba Mootota Israaʼelii fi Yihudaa keessatti barreeffameera.+ 8 Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 16f ni bulche.+ 9 Achiis Yootaam abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit+ keessattis isa awwaalan. Ilmi isaa Akaazis bakka isaa mootii taʼe.+

28 Akaaz+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 20 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 16f ni bulche. Akka abbaan isaa Daawit godhetti, inni wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe hin goone.+ 2 Kanaa mannaa, daandii mootota Israaʼel irra ni deeme;+ siidaawwan sibiilaa Baʼaalis* ni hojjete.+ 3 Kana malees, Sulula Ilma Hinoom* keessatti aarsaa aarfamu ni dhiheesse; akkasumas gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan duukaa buʼuudhaan+ ilmaan isaa ibiddaan ni gube.+ 4 Akkasumas iddoowwan ol kaʼoo irratti,+ tabbawwan irrattii fi muka lalisaa hundumaa jalatti+ aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessa ture.

5 Kanaafuu, Waaqni isaa Yihowaan harka mootii Sooriyaatti+ dabarsee isa kenne; isaanis isa injifatan; achiis namoota hedduu boojiʼanii gara Damaasqootti+ geessan. Kana malees, inni harka mootii Israaʼelitti dabarfamee ni kenname; innis dhumaatii guddaa isa irratti geessise. 6 Isaan Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼe waan dhiisaniif, Peeqaan+ ilmi Remaaliyaa Yihudaa keessatti guyyaa tokkotti namoota 120,000 kan ajjeese yeroo taʼu, hundi isaaniis namoota onnatoo turan.+ 7 Zikriin Efreemichi inni loltuu taʼes, Maaʼaaseyaa isa ilma mootichaa taʼe, Azriqaam isa itti gaafatamaa mana mootummaa* taʼee fi Elqaanaa isa itti aanaa mootichaa taʼe ni ajjeese. 8 Kana malees, Israaʼelonni dubartoota, ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa warra obboloota isaanii taʼan 200,000 boojiʼanii ni fudhatan; boojuu hedduus ni fudhatan; boojuu sanas gara Samaariyaatti+ geessan.

9 Yeroo kanatti raajiin Yihowaa Odeed jedhamu tokko achi ture. Innis raayyaa waraanaa isa gara Samaariyaatti dhufaa jiru dura baʼee akkana isaaniin jedhe: “Ilaa, Yihowaan inni Waaqa abbootii keessanii taʼe Yihudaa harka keessanitti dabarsee kan kenne waan isaanitti aareef ture;+ isin garuu dheekkamsa hamma samii gaʼuun isaan ajjeestaniittu. 10 Ammas isin namoota Yihudaa fi Yerusaalem tajaajiltoota keessan warra dhiiraa fi warra durbaa akka taʼan gochuu barbaaddu.+ Garuu isinis Waaqa keessan Yihowaa duratti yakkamtoota mitii? 11 Amma na dhagaʼaa; aariin Yihowaa isin irratti bobaʼaa waan jiruuf, namoota obboloota keessan gidduudhaa boojitan sana deebisaa.”

12 Yeroo kanatti dura buutonni Efreemotaa tokko tokko jechuunis, Azaariyaan ilmi Yehohaanaan, Berekiyaan ilmi Meshilemoot, Yehizqiyaan ilmi Shaalumii fi Amaasaan ilmi Hadlaay namoota duula waraanaatii dhufan sana mormanii, 13 “Kun Yihowaa duratti yakkamtoota waan nu godhuuf, warra boojiʼaman as hin fidinaa. Yakki keenya ammuma iyyuu guddaa dha; dheekkamsi Waaqayyoos Israaʼel irratti bobaʼaa jira; isin immoo cubbuu keenyaa fi yakka keenya nutti dabaluu yaadduu?” isaaniin jedhan. 14 Kanaafuu, loltoonni hidhatan sun namoota boojiʼanii fi wanta saaman+ sana bulchitootaa fi guutummaa gumichaatti dabarsanii kennan. 15 Achiis namoonni maqaadhaan caqasamanii adda baafaman kaʼanii namoota boojiʼaman sana fudhatan; isaan keessaas warra qullaa isaanii taʼan hundumaatiif wanta boojiʼame sana keessaa uffata ni kennan. Uffata isaanitti ni uwwisan; kophee, nyaataa fi dhugaatii isaaniif ni kennan; dhaqna isaaniitiifis zayitii isaaniif ni kennan. Kana malees, warra dadhaboo taʼan harree irra kaaʼanii gara obboloota isaanii warra Yerikoo ishii magaalaa mukeetii meexxii taatetti argamanitti isaan geessan. Sana booda gara Samaariyaatti deebiʼan.

16 Yeroo kanatti Akaaz Mootichi mootota Asoor irraa gargaarsa ni gaafate.+ 17 Edoomonni ammas Yihudaa weeraranii haleeluudhaan namoota boojiʼanii fudhatan. 18 Filisxeemonnis+ magaalota Shefelaa+ fi magaalota Negeeb warra Yihudaatti argaman weeraranii Beet Sheemeshiin,+ Ayilooniin,+ Gederootiin, Sookoo fi magaalota ishii jalatti* argaman, Timnaa+ fi magaalota ishii jalatti argaman, akkasumas Gimzoo fi magaalota ishii jalatti argaman qabatanii achi jiraatan. 19 Yihowaan Akaaz Mootii Israaʼeliin kan kaʼe Yihudaa ni salphise; inni Yihudaan gadhiisii akka taatu gochuudhaan, gantummaa guddaan Yihowaa irratti akka raawwatamu godhe.

20 Dhuma irrattis Tiglaat Pilneseer+ mootiin Asoor isa jajjabeessuu mannaa isatti duulee isa ni dhiphise.+ 21 Akaaz mana Yihowaa, mana mootichaa+ fi manneen bulchitootaa saamee mootii Asooriif kennaa ni kenne; haa taʼu malee, kun gargaarsa isaaf hin argamsiisne. 22 Akaaz Mootichi yeroo dhiphatetti, caalaatti Yihowaa irratti gocha gantummaa raawwate. 23 Innis, “Waaqoliin mootota Sooriyaa isaan gargaaraa waan jiraniif, anaanis akka gargaaraniif ani aarsaa isaaniif nan dhiheessa”+ jechuudhaan waaqolii Damaasqoo warra isa injifatanii+ turaniif aarsaa dhiheessuu jalqabe.+ Isaan garuu, innis taʼe guutummaan Israaʼel akka gufatu godhan. 24 Kana malees, Akaaz miʼawwan mana Waaqa dhugaa walitti ni qabe; achiis miʼawwan mana Waaqa dhugaa sana ni caccabse;+ balbaloota mana Yihowaa ni cufe;+ qarqara daandiiwwan Yerusaalem hundumaattis ofii isaatiif iddoowwan aarsaa ni ijaare. 25 Kana malees, waaqolii kan birootiif aarsaa aarfamu dhiheessuuf magaalota Yihudaa hundumaa keessatti iddoowwan ol kaʼoo ni ijaare;+ Waaqa abbootii isaa kan taʼe Yihowaas ni dheekkamsiise.

26 Seenaan isaa inni hafe, wanti inni godhe hundis jalqabaa kaasee hamma dhumaatti Kitaaba Mootota Yihudaa fi Israaʼel keessatti barreeffameera.+ 27 Achiis Akaaz abbootii isaa wajjin ni boqote; isaan magaalaa Yerusaalem keessatti isa awwaalan malee, gara iddoo awwaalchaa mootota Israaʼelitti isa hin fidne.+ Ilmi isaa Hisqiyaasis bakka isaa mootii taʼe.

29 Hisqiyaas+ umurii isaa waggaa 25tti mootii ni taʼe; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 29f ni bulche. Maqaan haadha isaa Abiiyaa yeroo taʼu, ishiin intala Zakkaariyaas turte.+ 2 Akkuma abbaan isaa Daawit godhetti,+ innis wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni godhe.+ 3 Inni mootii taʼee waggaa isa jalqabaatti, waggicha keessaas jiʼa isa jalqabaatti balbaloota mana Yihowaa ni bane, ni haaresses.+ 4 Achiis lubootaa fi Leewwota waamsisee dirree isa gara bahaatti argamu keessatti walitti isaan qabe. 5 Akkana isaaniin jedhe: “Yaa Leewwotaa, na dhagaʼaa. Amma ofis taʼe mana Yihowaa Waaqa abbootii keessanii qulqulleessaa;+ wanta xuraaʼaa taʼes iddoo qulqulluu taʼe keessaa balleessaa.+ 6 Abbootiin keenya amanamoo hin turre; wanta Waaqa keenya Yihowaa duratti hamaa taʼes raawwataniiru.+ Isaan isa dhiisaniiru; fuula isaanii godoo qulqulluu Yihowaa irraa deebisaniiru; dugda isaaniis isatti garagalchaniiru.+ 7 Kana malees, isaan balbaloota barandichaa cufaniiru;+ ibsaawwan sanas dhaamsaniiru.+ Iddoo qulqulluutti Waaqa Israaʼeliif ixaana aarsuu+ fi aarsaawwan gubaman dhiheessuus+ dhiisaniiru. 8 Kanaafuu, dheekkamsi Yihowaa Yihudaa fi Yerusaalem irratti ni dhufe;+ kanaan kan kaʼes, akkuma amma ija keessaniin argitanitti inni naasuu fi ajaaʼibsiifannaadhaaf akka taʼan, akkasumas kan itti siiqsamu* akka taʼan isaan godheera.+ 9 Sababii kanaatiinis, abbootiin keenya goraadeedhaan dhumaniiru;+ ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa keenya, akkasumas haadhotiin manaa keenya boojiʼamanii fudhatamaniiru.+ 10 Ammas dheekkamsi isaa inni bobaʼu nu irraa akka deebiʼuuf, Yihowaa Waaqa Israaʼelii wajjin kakuu galuun fedhii garaa kootii ti.+ 11 Yaa ilmaan koo, isa dura akka dhaabbattaniif, tajaajiltoota isaa taatanii akka isa tajaajiltanii+ fi aarsaawwan isaa warra aarfaman akka dhiheessitaniif+ Yihowaan waan isin filateef, yeroon kun yeroo itti dantaa dhabdan* miti.”

12 Yeroo kanatti Leewwonni ni kaʼan; isaanis kanneen kana turan: Qehaatota+ keessaa, Maahaat ilma Amaasaayii fi Yooʼel ilma Azaariyaa; Meraarota+ keessaa, Qiish ilma Abdii fi Azaariyaa ilma Yehaaleliʼel; Geershonota+ keessaa, Yoʼaa ilma Ziimaa fi Eedan ilma Yoʼaa; 13 ilmaan Elizaafaan keessaa, Shimrii fi Yewuʼel; ilmaan Asaaf+ keessaa, Zakkaariyaasii fi Maataaniyaa; 14 ilmaan Hemaan+ keessaa, Yehiʼelii fi Shimeʼii; ilmaan Yedutuun+ keessaa, Shemaayaa fi Uuziʼel. 15 Akkuma mootichi ajaja Yihowaatiin mana Yihowaa akka qulqulleessan ajajee turetti, isaan obboloota isaanii walitti ni qaban; of qulqulleessaniis ni dhufan.+ 16 Achiis luboonni hojii qulqulleessuu hojjechuuf mana Yihowaa keessa seenanii, wanta xuraaʼaa mana qulqullummaa Yihowaa keessatti argatan hunda baasanii gara mooraa+ mana Yihowaatti geessan. Leewwonni immoo achii baasanii Sulula Qedroon+ keessatti isaan gatan. 17 Akka kanaan, jiʼa isa jalqabaa keessaa guyyaa isa jalqabaatti hojii qulqulleessuu ni jalqaban; jiʼicha keessaa guyyaa saddeettaffaattis barandaa mana Yihowaa+ bira gaʼan. Isaanis guyyoota saddeetiif mana Yihowaa ni qulqulleessan; jiʼa isa jalqabaa keessaa guyyaa 16ffaattis hojicha ni xumuran.

18 Sana booda isaan gara Hisqiyaas Mootichaatti seenanii akkana isaan jedhan: “Nuti guutummaa mana Yihowaa, iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatuu+ fi miʼawwan isaa hundumaa,+ akkasumas minjaala daabboon wal irra tuulamu* irra kaaʼamuu+ fi miʼawwan isaa hundumaa qulqulleessineerra. 19 Miʼawwan Akaaz Mootichi yeroo bulchaa turetti utuu amanamaa hin taʼin hafuudhaan baase+ hundumaas qopheessinee, qulqulleessineerra;+ isaanis iddoo aarsaa Yihowaa dura jiru.”

20 Hisqiyaas Mootichis ganamaan kaʼee bulchitoota magaalattii walitti qabe; isaanis gara mana Yihowaatti ol baʼan. 21 Isaan mootummichaaf, iddoo qulqulluu sanaa fi Yihudaadhaaf aarsaa cubbuu godhanii dhiheessuuf, qotiyyoo torba, korbeeyyii hoolaa torba, hoolota xobbaallaa* kormaa torbaa fi korbeeyyii reʼee torba ni fidan.+ Kanaafuu, inni luboonni warri sanyii Aaron taʼan iddoo aarsaa Yihowaa irratti aarsaa godhanii akka isaan dhiheessan itti hime. 22 Isaanis qotiyyoowwan sana ni qalan;+ luboonnis dhiiga isaa fuudhanii iddoo aarsaa irratti facaasan;+ achiis korbeeyyii hoolaa sana qalanii dhiiga isaa iddoo aarsaa irratti facaasan; dhuma irrattis hoolota xobbaallaa kormaa sana qalanii dhiiga isaa iddoo aarsaa irratti facaasan. 23 Sana booda korbeeyyii reʼee aarsaa cubbuutiif dhihaatan sana mootichaa fi gumicha duratti dhiheessanii harka isaanii isaan irra kaaʼan. 24 Mootichi aarsaan gubamuu fi aarsaan cubbuu guutummaa Israaʼeliif dhihaachuu akka qabu ajajee waan tureef, luboonni guutummaa Israaʼeliif araara akka argamsiisuuf reʼoota kana qalanii aarsaa cubbuutiif akka taʼutti dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti dhiheessan.

25 Yeroo kanatti inni akka ajaja Daawit,+ ajaja Gaad+ isa mootichaaf mulʼata arguu fi ajaja Naataan+ raajichaatti Leewwonni siimbaalii, meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii fi baganaa+ qabatanii mana Yihowaa akka dhaabbatan godhee ture; kunis ajaja Yihowaan karaa raajota isaa kenne ture. 26 Kanaafuu, Leewwonni meeshaawwan muuziqaa Daawit, luboonni immoo malakata+ qabatanii dhaabbatan.

27 Achiis Hisqiyaas aarsaan gubamu iddoo aarsaa irratti akka dhihaatu ajaje.+ Aarsaan gubamu dhihaachuu yeroo jalqabuttis, faarfannaan Yihowaa ni jalqabe; meeshaawwan muuziqaa ilaalchisee qajeelfama Daawit inni mootii Israaʼel taʼe kenne hordofuudhaanis malakanni ni afuufame. 28 Yeroo faarfannaan sun faarfatamuu fi malakanni sun afuufamus, guutummaan gumichaa ni sagade; kun hundis aarsaa gubamu sana dhiheessuun hamma xumuramutti itti fufe. 29 Isaan aarsaa sana dhiheessanii akkuma xumuraniinis mootichii fi warri isaa wajjin turan hundi gad jedhanii sagadan. 30 Yeroo kanatti Hisqiyaas Mootichii fi bulchitoonni, faarfannaawwan Daawitii+ fi Asaaf+ isa mulʼata argu sanaan Yihowaa akka jajatan Leewwota ajajan. Kanaafuu, isaan gammachuu guddaadhaan faarfannaawwaan kana ni faarfatan; gombifamaniis ni sagadan.

31 Achiis Hisqiyaas, “Amma isin Yihowaadhaaf adda baafamtaniittu;* kottaatii aarsaawwanii fi aarsaawwan galataa gara mana Yihowaatti geessaa” jedhe. Kanaafuu, gumichi aarsaawwanii fi aarsaawwan galataa fiduu jalqabe; namni fedhii qabu hundis aarsaawwan gubaman ni fide.+ 32 Aarsaawwan gubaman warri gumichi fides, loon 70, korbeeyyii hoolaa 100 fi hoolota xobbaallaa kormaa 200 turan; kanneen kun hundi Yihowaadhaaf aarsaa gubamu godhamanii kan dhiheeffaman turan;+ 33 aarsaawwan qulqulluun immoo loon 600 fi bushaayee 3,000 turan. 34 Haa taʼu malee, luboonni aarsaawwan gubaman sana hundumaa irraa gogaa baasan muraasa waan turaniif, obboloonni isaanii warri Leewwota taʼan hamma hojichi xumuramuttii fi hamma luboonni of qulqulleessanitti+ isaan ni gargaaran;+ kunis kan taʼe, Leewwonni of qulqulleessuu irratti luboota caalaa of eeggatoo* waan taʼaniif ture. 35 Kana malees, aarsaawwan gubaman,+ coomni aarsaawwan gamtaa+ fi aarsaawwan dhugaatii warri aarsaawwan gubamanii wajjin dhihaatan+ hedduun jiru turan. Akka kanaan, tajaajilli mana Yihowaa akkuma duriitti raawwatamuu jalqabe. 36 Wanti kun hundi hatattamaan waan raawwatameef, Hisqiyaasii fi namoonni hundi wanta Waaqni dhugaan sabichaaf godhetti ni gammadan.+

30 Hisqiyaas, isaan gara mana Yihowaa isa Yerusaalem keessatti argamuu dhufanii Yihowaa Waaqa Israaʼeliif Faasikaa akka kabajaniif+ gara guutummaa Israaʼelii fi guutummaa Yihudaatti dhaamsa erge;+ gosa Efreemii fi gosa Minaaseetiif+ illee xalayaa ni barreesse. 2 Haa taʼu malee, mootichi, bulchitoonni isaa fi guutummaan gumii Yerusaalem keessatti argamu jiʼa isa lammaffaatti Faasikaa kabajuuf murteessan;+ 3 kunis kan taʼe, luboonni of qulqulleessan muraasa taʼuu isaaniitiin,+ akkasumas sabichi Yerusaalem keessatti utuu walitti hin qabamin hafuu isaatiin kan kaʼe, isaan yeroo baramaa taʼetti ayyaanicha kabajuu waan hin dandeenyeef ture.+ 4 Qophiin kunis mootichaa fi guutummaa gumichaa duratti gaarii fakkaatee mulʼate. 5 Kanaafuu, isaan akka seerichi ajajutti gareedhaan ayyaanicha waan hin kabajneef,+ sabichi dhufee Yerusaalemitti Yihowaa Waaqa Israaʼeliif Faasikaa akka kabajuuf, Ber Sheebaadhaa jalqabee hamma Daanitti+ guutummaa Israaʼelitti beeksisni akka himamu ni murteessan.

6 Achiis ergamtoonni* sun xalayaa mootichaa fi bulchitoota isaa biraa ergame qabatanii guutummaa Israaʼelii fi guutummaa Yihudaa keessa naannaʼan; mootichi ajaja akkana jedhu kennee ture: “Yaa namoota Israaʼel, inni gara warra harka mootota Asoor irraa miliqanii hafanitti akka deebiʼuuf, isin gara Yihowaa isa Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Israaʼel taʼetti deebiʼaa.+ 7 Isin akka abbootii keessanii fi obboloota keessan warra Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼeef amanamoo utuu hin taʼin hafan sanaa hin taʼinaa; kanaan kan kaʼes, inni akkuma amma argitan wanta sodaachisu akka taʼan isaan godheera.+ 8 Ammas akka abbootii keessaniitti mata jabeeyyii hin taʼinaa.+ Dheekkamsi isaa inni bobaʼaan akka isin irraa deebiʼuuf,+ Yihowaadhaaf ajajamaa; akkasumas gara iddoo qulqulluu isaa isa inni bara baraaf qulqulleessetti kottaatii+ Waaqa keessan Yihowaa tajaajilaa. 9 Waaqni keessan Yihowaan gara laafessaa* fi araara qabeessa waan taʼeef,+ yommuu isin gara Yihowaatti deebitan warri obboloota keessanii fi ilmaan keessan boojiʼan gara laafina isaanitti ni argisiisu;+ gara biyya kanaatti akka deebiʼanis isaaniif ni heyyamu;+ isin gara isaatti yoo deebitan inni fuula isaa isin irraa hin deebisu.”+

10 Kanaafuu, ergamtoonni* sun magaalaa tokko irraa gara magaalaa isa kan biraa deemaa guutummaa biyya Efreem, biyya Minaasee+ fi biyya Zaabiloon keessa naannaʼan; namoonni sun garuu isaanitti kolfu, akkasumas isaanitti qoosu turan.+ 11 Haa taʼu malee, biyya Asheer, biyya Minaasee fi biyya Zaabiloon keessaa namoonni tokko tokko gad of qabanii gara Yerusaalem ni dhufan.+ 12 Kana malees, isaan wanta mootichii fi bulchitoonni ajaja Yihowaatiin ajajan sana tokko taʼanii akka raawwatan gochuuf* harki Waaqa dhugaa Yihudaa irra ture.

13 Namoonni hedduun jiʼa isa lammaffaatti+ Ayyaana Maxinoo+ kabajuuf Yerusaalemitti walitti ni qabaman; gumiin sunis baayʼee guddaa ture. 14 Isaanis kaʼanii iddoowwan aarsaa Yerusaalem keessa turanii+ fi iddoowwan aarsaa ixaanaa hundumaa buqqisanii+ Sulula Qedroon keessatti gatan. 15 Achiis jiʼa lammaffaa keessaa guyyaa 14ffaatti aarsaa Faasikaa sana ni qalan. Luboonnii fi Leewwonni waan qaanaʼaniif, of ni qulqulleessan; aarsaawwan gubamanis gara mana Yihowaatti ni fidan. 16 Isaanis Seera Musee isa nama Waaqa dhugaa taʼe sanaa hordofuudhaan iddoo isaanii isa duraanii ni qabatan; achiis luboonni dhiiga isa harka Leewwotaa irraa fudhatan sana ni facaasan.+ 17 Gumicha keessa namoonni of hin qulqulleessine hedduun jiru turan; kanaafuu, Leewwonni namoota qulqulluu hin taane hundumaa Yihowaadhaaf qulqulleessuuf jecha aarsaawwan Faasikaa qaluuf itti gaafatamummaa qabu turan.+ 18 Namoonni lakkoofsi isaanii hedduu taʼe, keessumaa warri biyya Efreem, biyya Minaasee,+ biyya Yisaakorii fi biyya Zaabiloonii dhufan kan of hin qulqulleessine taʼus, wanta seerichi ajaju irraa haala faallaa taʼeen Faasikaa ni nyaatan. Hisqiyaas garuu akkana jedhee isaaniif kadhate: “Yihowaan inni gaarii+ taʼe dhiifama haa godhu; 19 akka ulaagaa qulqullummaatti kan of hin qulqulleessine taʼus+ nama, Waaqa dhugaa kan taʼe Yihowaa isa Waaqa abbootii isaa taʼe barbaaddachuuf garaa isaa qopheeffate+ hundaaf inni dhiifama haa godhu.” 20 Yihowaanis Hisqiyaasiin dhagaʼee sabichaaf dhiifama godhe.*

21 Kanaafuu, Israaʼelonni warri Yerusaalem keessa turan gammachuu guddaadhaan+ guyyaa torbaaf Ayyaana Maxinoo ni kabajan;+ Leewwonnii fi luboonnis sagalee guddisanii meeshaawwan muuziqaatiin Yihowaadhaaf taphachuudhaan, guyyuma guyyaadhaan Yihowaa jajatu turan.+ 22 Kana malees, Hisqiyaas Leewwota warra hubannaadhaan Yihowaa tajaajilan hundumaatti dubbatee isaan jajjabeesse.* Isaanis aarsaawwan gamtaa+ dhiheessaa fi Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼe galateeffachaa, ayyaanichi jalqabamee hamma xumuramutti guyyaa torbaaf ni nyaatan.+

23 Achiis guutummaan gumichaa guyyaa dabalataa torbaaf ayyaanicha kabajuuf murteesse; kanaafuu, isaan guyyaa dabalataa torbaaf gammachuudhaan ayyaanicha kabajan.+ 24 Hisqiyaas mootiin Yihudaa gumichaaf qotiyyoo 1,000 fi hoolota 7,000 ni gumaache; bulchitoonni immoo gumichaaf qotiyyoo 1,000 fi hoolota 10,000 ni gumaachan;+ luboonni lakkoofsi isaanii hedduu taʼes of qulqulleessan.+ 25 Guutummaan gumii Yihudaa, luboonni, Leewwonni, guutummaan gumii Israaʼel irraa dhufe,+ akkasumas namoonni biyya ormaa+ warri biyya Israaʼel irraa dhufanii fi warri Yihudaa keessa jiraatan ni gammadan. 26 Bara Solomoon ilma Daawit isa mootii Israaʼel ture irraa jalqabee wanti akkanaa Yerusaalem keessatti taʼee waan hin beekneef, Yerusaalem keessa gammachuu guddaatu ture.+ 27 Dhuma irrattis, Leewwonni luboota taʼan kaʼanii uummaticha eebbisan;+ Waaqayyos sagalee isaanii ni dhagaʼe; kadhannaan isaaniis bakka jireenyaa isaa isa qulqulluu, jechuunis samii ni gaʼe.

31 Isaan wantoota kana hundumaa akkuma xumuraniin, Israaʼelonni achitti argaman hundi gara magaalota Yihudaatti baʼanii guutummaa Yihudaa fi Biiniyaam keessaa, akkasumas biyya Efreemii fi biyya Minaasee+ keessaa guutummaatti hamma balleessanitti siidaawwan waaqeffannaa ni caccabsan,+ utubaawwan waaqeffannaa* ni mummuran,+ akkasumas iddoowwan ol kaʼoo+ fi iddoowwan aarsaa ni diigan;+ achiis Israaʼelonni hundi gara magaalaa isaaniitti, tokkoon tokkoon isaaniis gara dhaala dhaala isaaniitti ni deebiʼan.

2 Sana booda Hisqiyaas aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa akka dhiheessaniif, akkasumas karra mooraawwan* Yihowaa keessatti akka isa tajaajilaniif, akka galata isaaf galchanii fi akka isa jajataniif+ luboota akka garee garee isaaniitti,+ Leewwotas akka garee garee isaaniitti+ ni muude; tokkoon tokkoon lubootaa fi Leewwotaas tajaajila isaaniitiif ni muude.+ 3 Akka Seera Yihowaa keessatti barreeffamettis, aarsaawwan ganamaa fi galgalaa,+ aarsaawwan gubaman warra guyyoota Sanbataatti,+ guyyoota baatii haaraattii+ fi guyyoota ayyaanaatti+ dhihaatan dabalatee, qabeenya mootichaa keessaa hammi tokko aarsaawwan gubamaniif ni kennama ture.+

4 Dabalataanis inni, luboonnii fi Leewwonni seera Yihowaa cimsanii akka hordofaniif,* namoonni Yerusaalem keessa jiraatan gaʼee isaaniif malu akka isaaniif kennan ni ajaje.+ 5 Ajajni kun akkuma kennameenis, Israaʼelonni midhaan, wayinii haaraa, zayitii+ fi damma, akkasumas oomisha maasii isaanii hundumaa keessaa firiiwwan jalqabaa baayʼinaan ni kennan;+ isaan wanta hundumaa keessaa kurnoo* baayʼinaan ni fidan.+ 6 Namoonni Israaʼelii fi namoonni Yihudaa warri magaalota Yihudaa keessa jiraatanis, loonii fi hoolota isaanii keessaa, akkasumas wantoota qulqulluu Waaqa isaanii Yihowaadhaaf qulqulleeffaman keessaa kurnoo ni fidan.+ Isa fidan sanas bakka hedduutti tuulan. 7 Isaan jiʼa sadaffaatti+ kennaawwan isaanii walitti tuuluu jalqaban; jiʼa torbaffaattis+ tuulanii xumuran. 8 Hisqiyaasii fi bulchitoonni dhufanii tuullaawwan sana yommuu argan, Yihowaa ni jajatan; saba isaa Israaʼeliinis ni eebbisan.

9 Hisqiyaasis waaʼee tuullaawwan sanaa lubootaa fi Leewwota ni gaafate; 10 Azaariyaan inni mana Saadoq keessaa dura buʼaa lubootaa taʼes, “Isaan kennaawwan kana gara mana Yihowaatti fiduu+ erga jalqabanii kaasee sabichi hamma quufutti nyaachaa tureera; wanti baayʼeen irraa hafeera; Yihowaan sabicha waan eebbiseefis wanti baayʼee hedduu taʼe kun irraa hafuu dandaʼeera”+ isaan jedhe.

11 Yeroo kanatti Hisqiyaas mana Yihowaa keessatti kutaawwan mana kuusaa*+ akka qopheessan isaanitti hime; isaanis ni qopheessan. 12 Isaanis amanamummaadhaan kennaawwan kana, kurnoo fi wantoota qulqulluu taʼan fiduu isaanii itti fufan;+ Konaaniyaan Leewwichi wantoota kana hundumaa ol aantummaadhaan akka toʼatuuf itti gaafatamummaan isaaf kennamee ture; obboleessi isaa Shimeʼiin immoo isatti aansee lammaffaa ture. 13 Yehiʼel, Azaaziyaan, Naahaat, Asaahel, Yerimoot, Yozaabaad, Eliʼeel, Yismaakiyaan, Maahaatii fi Benaayaan ajaja Hisqiyaas Mootichi kenneen, bakka buʼoota warra Konaaniyaa fi obboleessa isaa Shimeʼii gargaaran turan; Azaariyaanis mana Waaqa dhugaa ol aantummaadhaan ni toʼata ture. 14 Qoreen ilmi Yimnaa Leewwichi inni karra isa kallattii bahaatiin jiru eegu,+ kennaawwan fedhiidhaan Waaqa dhugaadhaaf kennaman+ irratti itti gaafatamummaa qaba ture; kana malees, inni buusiiwwan Yihowaadhaaf kennamanii+ fi wantoota hundumaa caalaa qulqulluu taʼan+ ni hira ture. 15 Eedan, Miniyaamin, Yeshuwaan, Shemaayaan, Amaariyaanii fi Shekaaniyaan qajeelfama isaa jala kan turan yeroo taʼu, isaan magaalota lubootaa+ keessatti iddoo amanamummaa gaafatu irratti obboloota isaanii warra garee gareedhaan qoodamaniif,+ isa guddaa fi isa xinnaadhaaf gaʼee isaanii wal qixa hiruuf muudamanii turan. 16 Kunis dhiirota umuriin isaanii waggaa sadii fi isaa ol taʼe, warra akka hidda dhalootaa isaaniitti galmeeffaman, warra guyyaa guyyaadhaan mana Yihowaa keessatti tajaajiluu fi hojiiwwan garee isaanii raawwachuuf dhufaniif kennamuun ala ture.

17 Akkuma Leewwota umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe+ sanaa, luboonnis hidda dhalootaa isaaniitiin kan galmeeffaman akka manneen abbootii+ isaaniittii fi akka hojiiwwan garee isaaniitti ture.+ 18 Galmeen hidda dhalootaa isaaniis ijoollee isaanii, haadhotii manaa isaanii, ijoollee dhiiraa isaanii fi ijoollee durbaa isaanii hundumaa, akkasumas guutummaa gumii isaanii kan dabalatu ture; isaan hojii isaanii isa amanamummaa gaafatu irratti wanta qulqulluu taʼeef of qulqulleessanii turan; 19 luboonni sanyii Aaron taʼan warri dirreewwan dheedichaa magaalota isaanii keessa jiraatanis galmee hidda dhalootaa sanatti dabalamaniiru.+ Dhiirota luboota taʼan hundumaatiif, akkasumas nama galmee hidda dhalootaa Leewwotaa keessatti dabalame hundumaatiif gaʼee isaa akka kennaniif, magaalota sana hundumaa keessatti dhiironni maqaa dhaʼamanii filataman jiru turan.

20 Hisqiyaas guutummaa Yihudaa keessatti kana ni raawwate; inni wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti gaarii fi sirrii taʼe ni godhe; isaafis amanamaa ture. 21 Inni hojiiwwan tajaajila mana Waaqa dhugaa+ wajjin yookiin Seerichaa fi ajaja kenname eeguu wajjin wal qabatan, warra inni Waaqa isaa barbaaddachuuf jalqabe hundumaa garaa guutuudhaan ni raawwate; milkaaʼinas ni argate.

32 Hisqiyaas wantoota kana amanamummaadhaan erga raawwatee booda,+ Senaaheriib mootiin Asoor dhufee Yihudaa weerare. Inni cabsee seenee isaan qabachuuf yaaduudhaan, magaalota dallaa dhagaa qabanitti ni marse.+

2 Hisqiyaasis Senaaheriib Yerusaalem irratti waraana banuuf yaadee dhufuu isaa yommuu argu, 3 bulchitoota isaa fi loltoota isaa wajjin erga mariʼatee booda, burqaawwan bishaanii magaalattiidhaa alatti argaman duuchuuf murteesse;+ isaanis isa deggeran. 4 Namoonni hedduunis walitti qabamanii, “Mootonni Asoor dhufanii bishaan baayʼee maaliif argatu?” jechuudhaan, burqaawwan hundumaa fi laga biyyattii keessa yaaʼu ni duuchan.

5 Dabalataanis, inni kutannoodhaan guutummaa dallichaa isa diigame deebisee erga ijaaree booda masaraawwan achi irratti ni hojjete; karaa alaatiinis dallaa kan biraa ni ijaare. Kana malees, Koobii*+ Magaalaa Daawit ni haaresse; meeshaawwan waraanaa* fi gaachanoota hedduus ni hojjete. 6 Sana booda ajajjoota loltootaa uummaticha irratti muudee, addabaabayii karra magaalattiitti walitti isaan ni qabe; achiis akkana jedhee isaan jajjabeesse:* 7 “Onnadhaa, cimaas. Warra isaa wajjin jiran irra warri nuu wajjin jiran waan caalaniif,+ mootii Asoorii fi namoota hedduu isaa wajjin jiran hundumaatiin kan kaʼe hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa.+ 8 Isaa wajjin kan jiru irree foonii ti;* nuu wajjin kan jiru garuu Waaqa keenya Yihowaa isa nu gargaaruu fi waraana irratti nuuf lolu dha.”+ Uummatichis wanta Hisqiyaas mootiin Yihudaa dubbate irraa jajjabina argate.+

9 Kana booda, Senaaheriib mootiin Asoor loltoota isaa* hundumaa wajjin yommuu Laakiish+ keessa turetti, akkana jedhee tajaajiltoota isaa gara Yerusaalemitti, gara Hisqiyaas mootii Yihudaattii fi namoota Yihudaa warra Yerusaalem keessa jiran hundumaatti erge:+

10 “Senaaheriib mootiin Asoor akkana jedha: ‘Isin Yerusaalem ishii marfamtee jirtu keessa kan teessan maalitti amanamtanii ti?+ 11 Hisqiyaas, “Waaqni keenya Yihowaan harka mootii Asoor jalaa nu oolcha” jedhee isin gowwoomsuudhaan, beelaa fi dheebuudhaan duʼatti dabarsee isin kennaa jira mitii?+ 12 Hisqiyaas kun isuma iddoowwan ol kaʼoo Waaqa keessanii* fi iddoowwan aarsaa+ isaa erga balleessee booda,+ Yihudaa fi Yerusaalemiin, “Isin iddoo aarsaa tokkicha duratti sagaduu fi isuma irratti aarsaawwan aarfaman dhiheessuu qabdu” jedhe sana mitii?+ 13 Wanta anii fi abbootiin koo namoota biyyoota kaanii hundumaa irratti raawwanne hin beektanii?+ Waaqoliin saboota biyyoota kaanii biyya isaanii harka koo jalaa oolchuu dandaʼaniiruu?+ 14 Waaqolii sabootaa warra abbootiin koo balleessan kana hundumaa keessaa, waaqni saba isaa harka koo jalaa oolchuu dandaʼe eenyu? Maarree, Waaqni keessan harka koo jalaa akkamitti isin oolchuu dandaʼa?+ 15 Ammas Hisqiyaas akka kanaan isin hin gowwoomsin, isin hin dogoggorsinis!+ Waaqni saba yookiin mootummaa isa kamii iyyuu harka koo fi harka abbootii kootii jalaa saba isaa oolchuu dandaʼe waan hin jirreef, isa hin amaninaa. Waaqni keessan immoo harka koo jalaa isin oolchuuf hammam xinnaata ree!’”+

16 Tajaajiltoonni isaa Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe irrattii fi tajaajilaa isaa Hisqiyaas irratti qoosuu isaanii itti fufan. 17 Kana malees, inni Yihowaa Waaqa Israaʼeliin arrabsuu+ fi mormuuf, “Akkuma waaqolii sabootaa biyyoota kaanii warra saba isaanii harka koo jalaa oolchuu hin dandeenye sanaa,+ Waaqni Hisqiyaasis saba isaa harka koo jalaa oolchuu hin dandaʼu” jedhee xalayaa barreesse.+ 18 Isaan sodaachisanii fi isaan naasisanii magaalattii qabachuuf, sagalee isaanii guddisanii afaan Yihudootaatiin namoota Yerusaalem warra dallaa sana irra turanitti dubbachuu isaanii itti fufan.+ 19 Isaan akkuma waaqolii saboota lafa irraa warra hojii harka namaa taʼan irratti dubbatanitti, Waaqa Yerusaalem irrattis ni dubbatan. 20 Hisqiyaas Mootichii fi Isaayyaas raajichi+ ilmi Amooz garuu waaʼee kanaa kadhachuu isaanii fi gargaarsa argachuuf gara samiitti iyyachuu isaanii itti fufan.+

21 Sana booda Yihowaan maleekaa tokko ergee, loltoota jajjaboo,+ geggeessitootaa fi ajajjoota buufata mootii Asoor keessa turan hundumaa haxaaʼee waan balleesseef, mootichi salphinaan gara biyya isaatti deebiʼe. Boodas inni gara mana waaqa isaatti seene; achittis ilmaan isaa goraadeedhaan isa ajjeesan.+ 22 Akka kanaan, Yihowaan harka Senaaheriib mootii Asoorii fi harka warra kaanii hundumaa irraa Hisqiyaasiin, akkasumas jiraattota Yerusaalemiin ni oolche; kallattii hundumaatiinis boqonnaa isaaniif ni kenne. 23 Namoonni hedduunis Yihowaadhaaf Yerusaalemitti kennaawwan ni fidan; Hisqiyaas mootii Yihudaatiifis wantoota filatamoo taʼan ni fidan;+ innis sana booda saboota hundumaa biratti nama baayʼee kabajamu taʼe.

24 Bara sanatti Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu jala waan gaʼeef Yihowaa ni kadhate;+ innis isaaf ni deebise; mallattoo* tokkos isaaf ni kenne.+ 25 Haa taʼu malee, Hisqiyaas waan of tuuleef, wanta gaarii isaaf godhame utuu hin dinqisiifatin hafe; kanaafuu, dheekkamsi Waaqayyoo isa irratti, akkasumas Yihudaa fi Yerusaalem irratti ni dhufe. 26 Haa taʼu malee, Hisqiyaas of tuuluu isaa dhiisee gad of qabe;+ jiraattonni Yerusaalemis gad of qaban; dheekkamsi Yihowaas bara Hisqiyaasitti isaan irratti hin dhufne.+

27 Hisqiyaasis badhaadhinaa fi ulfina guddaa ni argate;+ inni manneen kuusaa meetii, warqii, dhagoota gatii guddaa qaban, zayitii baalsaamii, gaachanootaa fi miʼawwan gatii guddaa qaban hundumaa keessa kaaʼatu ni hojjete.+ 28 Kana malees iddoowwan oomisha midhaanii, daadhii wayinii haaraa fi zayitii itti kuusan, akkasumas dallaawwan horii adda addaa hundumaatiif taʼuu fi gola bushaayeewwaniif taʼu ni hojjete. 29 Dabalataanis Waaqayyo qabeenya baayʼee hedduu taʼe waan isaaf kenneef, ofii isaatiif magaalota ni ijaare; loon, bushaayee fi horii hedduus qaba ture. 30 Burqaa bishaanii Giyoon+ isa olii duuchee,+ kallattii dhihaatiin gara Magaalaa Daawititti+ akka yaaʼu kan godhe Hisqiyaas ture; Hisqiyaas hojii isaa hundumaa irratti milkaaʼina ni argate. 31 Haa taʼu malee, yommuu namoonni bulchitoota Baabilon bakka buʼanii dubbatan waaʼee mallattoo*+ biyyattii keessatti taʼee+ ture sanaa akka isa gaafataniif ergamanitti, Waaqni dhugaan isa qoruu+ fi wanta garaa isaa keessa jiru hundumaa beekuuf+ jecha isa ni dhiise.

32 Seenaan Hisqiyaas inni hafee fi jaalalli amanamaan inni argisiise,+ mulʼata Isaayyaas+ ilma Amooz keessatti, Kitaaba Mootota Yihudaa fi Israaʼel keessattis barreeffameera.+ 33 Achiis Hisqiyaas abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanis bakka ol kaʼaa isa gara iddoowwan awwaalchaa ilmaan Daawititti geessu irratti isa ni awwaalan;+ yeroo inni duʼettis guutummaan Yihudaa fi jiraattonni Yerusaalem isa ni kabajan. Ilmi isaa Minaaseenis bakka isaa mootii taʼe.

33 Minaaseen+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 12 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 55f ni bulche.+

2 Inni gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan saba Israaʼel duraa ariʼe sun raawwachaa turan hordofuudhaan, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+ 3 Iddoowwan ol kaʼoo abbaan isaa Hisqiyaas diige+ deebisee ni ijaare; akkasumas Baʼaaliif iddoowwan aarsaa ni dhaabe; utubaa waaqeffannaas* ni hojjete; guutummaa raayyaa samiitiif ni sagade; isaaniinis ni tajaajile.+ 4 Kana malees bakka Yihowaan waaʼee ishii, “Maqaan koo bara baraaf Yerusaalem keessa ni taʼa”+ jedhee dubbatetti, jechuunis mana Yihowaa keessatti iddoowwan aarsaa ni ijaare.+ 5 Akkasumas, mooraawwan mana Yihowaa+ lamaan keessatti guutummaa raayyaa samiitiif iddoowwan aarsaa ni ijaare. 6 Inni Sulula Ilma Hinoom+ keessatti ilmaan ofii isaa ibiddaan ni gube;*+ falfala ni raawwate;+ hooda ni dubbate; akkasumas eker dubbistootaa fi raagdota ni muude.+ Isa dheekkamsiisuufis wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hedduu ni raawwate.

7 Fakkii bocee hojjete sanas, mana Waaqa dhugaa isa Waaqayyo Daawitii fi ilma isaa Solomooniin akkana jedhee waaʼee isaa dubbate keessa kaaʼe:+ “Mana kanaa fi Yerusaalem keessatti, jechuunis bakka ani gosoota Israaʼel hundumaa keessaa filadhe kanatti bara baraaf maqaa koo nan kaaʼa.+ 8 Isaan wantan isaan ajaje hundumaa, jechuunis guutummaa Seerichaa, dambiiwwanii fi heerawwan warra karaa Musee kennaman of eeggannoodhaan yoo eegan, ani lammata miilli Israaʼelotaa biyyan abbootii isaaniitiif kenne keessaa akka baʼu hin godhu.” 9 Minaaseen, wanta saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa balleesse hojjetan caalaa hamaa taʼe akka raawwatan gochuudhaan, Yihudaa fi jiraattota Yerusaalem karaa irraa ni jalʼise.+

10 Yihowaan irra deddeebiʼee Minaasee fi saba isaatti kan dubbate taʼus, isaan garuu hin dhageenye.+ 11 Kanaafuu, Yihowaan ajajjoota raayyaa waraanaa mootii Asoor isaanitti fide; isaanis Minaasee hookkoodhaan qabanii,* hidhaa sibiila diimaa lamaanis hidhanii gara Baabilonitti isa geessan. 12 Innis yeroo dhiphatetti, isa biratti fudhatama argachuuf Waaqa isaa Yihowaa ni kadhate; Waaqa abbootii isaa durattis akka malee gad of ni qabe. 13 Irra deddeebiʼees Waaqayyoon ni kadhate; Waaqayyos kadhannaa isaa fi wawwaannaa inni fudhatama argachuuf dhiheesse dhagaʼee gara Yerusaalemitti, gara mootummaa isaatti isa deebise.+ Achiis Minaaseen Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu isaa ni beeke.+

14 Sana booda Giyoon+ ishii sululicha keessatti argamtu irraa gara dhihaatii jalqabee hamma Karra Qurxummiitti+ karaa alaatiin Magaalaa Daawitiif+ dallaa baayʼee dheeraa taʼe ni ijaare; dallichis magaalattiitti marsee Ofeel+ bira gaʼa ture. Dabalataanis magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa keessatti ajajjoota raayyaa waraanaa ni muude. 15 Achiis waaqolii ormaa fi bifa waaqa tolfamaa mana Yihowaa keessa ture,+ akkasumas iddoowwan aarsaa gaara mana Yihowaa keessattii fi Yerusaalem keessatti ijaaree+ ture hundumaa ni balleesse; magaalattiidhaa alatti akka gatamanis ni godhe. 16 Kana malees, iddoo aarsaa Yihowaa haaressee+ aarsaawwan gamtaa+ fi aarsaawwan galataa+ achi irratti dhiheessuu jalqabe; namoonni Yihudaas Yihowaa Waaqa Israaʼeliin akka tajaajilan ni ajaje. 17 Haa taʼu malee, sabichi amma iyyuu iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa ni dhiheessu turan; taʼus aarsaa kan dhiheessan Waaqa isaanii Yihowaadhaaf qofa ture.

18 Seenaan Minaasee inni hafe, kadhannaan inni gara Waaqa isaatti dhiheessee fi dubbiin warri mulʼata argan maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliin isatti dubbatan, seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera. 19 Kana malees, kadhannaan inni dhiheesse,+ akkamitti kadhannaan isaa akka isaaf dhagaʼame, cubbuun inni hojjete hundii fi amanamaa utuu hin taʼin hafuun isaa,+ bakkawwan gad of qabuu isaa dura iddoowwan ol kaʼoo itti ijaare, akkasumas utubaawwan waaqeffannaa*+ fi fakkiiwwan bocaman itti dhaabe dubbii warri mulʼata isaaf argan dubbatan keessatti barreeffameera. 20 Achiis Minaaseen abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanis mana isaatti isa awwaalan; ilmi isaa Amoon bakka isaa mootii taʼe.+

21 Amoon+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 22 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lamaaf ni bulche.+ 22 Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen godhe, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate;+ Amoon fakkiiwwan bocaman warra abbaan isaa Minaaseen hojjetee+ ture hundumaatiif aarsaa ni dhiheesse; isaaniinis ni tajaajile. 23 Haa taʼu malee, akka abbaan isaa Minaaseen gad of qabetti,+ inni Yihowaa duratti gad of hin qabne;+ kanaa mannaa, Amoon yakka isaa akka malee ni baayʼise. 24 Yeroo boodas tajaajiltoonni isaa isa irratti mariʼatanii+ manuma isaa keessatti isa ajjeesan. 25 Namoonni biyyattii garuu namoota Amoon Mooticha irratti mariʼatan hunda ni ajjeesan;+ ilma isaa Yosiyaasiinis bakka isaa mootii godhan.+

34 Yosiyaas+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa saddeet ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 31f ni bulche.+ 2 Inni wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni raawwate; daandii abbaan isaa Daawit irra deeme irras ni deeme; gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin jalʼanne.

3 Inni mootii taʼee waggaa 8ffaa isaatti utuu mucaa xinnoo taʼee jiruu, Waaqa abbaa isaa Daawit barbaaddachuu jalqabe;+ waggaa 12ffaa isaatti immoo Yihudaa fi Yerusaalem keessaa iddoowwan ol kaʼoo,+ utubaawwan waaqeffannaa,* fakkiiwwan bocamanii+ fi siidaawwan sibiilaa* haxaaʼee balleessuu jalqabe.+ 4 Kana malees, isaan bakka inni jirutti iddoowwan aarsaa Baʼaal ni diigan; innis miʼawwan ixaana itti aarsan warra isaan irra turan ni caccabse. Utubaawwan waaqeffannaa,* fakkiiwwan bocamanii fi siidaawwan sibiilaa* sanas caccabsee bulleessuudhaan awwaala warra isaaniif aarsaa dhiheessaa turanii irratti facaase.+ 5 Lafee lubootaas iddoowwan aarsaa isaanii irratti ni gube.+ Akka kanaan Yihudaa fi Yerusaalemiin ni qulqulleesse.

6 Inni magaalota Minaasee, Efreemii+ fi Simiʼoon hamma Niftaalemitti argaman keessaa, akkasumas iddoowwan diigamoo naannoo isaaniitti argaman keessaa, 7 iddoowwan aarsaa ni diige; utubaawwan waaqeffannaa* fi fakkiiwwan bocaman+ caccabsee ni bulleesse; kana malees, miʼawwan ixaana itti aarsan hundumaa warra guutummaa biyya Israaʼel keessatti argaman ni caccabse;+ sana boodas gara Yerusaalemitti deebiʼe.

8 Inni mootii taʼee waggaa 18ffaa isaatti, biyyattii fi mana qulqullummaa* erga qulqulleessee booda, mana Waaqa isaa Yihowaa akka haaressaniif Shaafaan+ ilma Azaaliyaa, Maaʼaaseyaa isa ajajaa magaalattii taʼee fi Yoʼaa ilma Yoʼaahaaz isa barreessaa seenaa taʼe ni erge.+ 9 Isaanis gara Hilqiyaa isa luba ol aanaa taʼe sanaa dhufanii, maallaqa isa gara mana Waaqayyootti fidame, isa Leewwonni warri karra eegdota taʼan namoota Minaasee, namoota Efreemii fi namoota Israaʼel warra hafan hundumaa+ irraa, akkasumas namoota Yihudaa, namoota Biiniyaamii fi jiraattota Yerusaalem irraa walitti qaban isatti ni kennan. 10 Achiis maallaqicha namoota hojii mana Yihowaa keessatti hojjetamu irratti muudamaniif ni kennan. Hojjettoonni mana Yihowaa keessatti hojjetan immoo maallaqicha manicha suphuu fi haaressuuf itti fayyadaman. 11 Isaan maallaqicha dhagaa bocamaa fi saanqaawwan utubaawwaniif taʼan, akkasumas baattuuwwan baaxii manneen mootonni Yihudaa akka jigan godhan sana haaressuuf oolan akka ittiin bitaniif, warra ogeeyyii harkaa taʼanittii fi warra ijaartota taʼanitti kennan.+

12 Namoonni sunis amanamummaadhaan hojicha ni hojjetan.+ Leewwota warra Meraarota+ taʼan keessaa Yaahaatii fi Obaadiyaan, warra Qehaatota+ taʼan keessaa immoo Zakkaariyaasii fi Meshulaam ilaaltota ol aanaa taʼanii isaan irratti muudaman. Leewwonni warri akka gaariitti meeshaa muuziqaa taphachuu dandaʼan hundi,+ 13 warra hojii humnaa hojjetan* irratti itti gaafatamummaa qabu turan; akkasumas warra hojii akaakuu hundumaa hojjetan hundumaa irratti ilaaltota ol aanaa turan; Leewwota keessaa tokko tokkos barreessitoota, geggeessitootaa fi karra eegdota turan.+

14 Isaan maallaqicha isa gara mana Yihowaatti fidame yeroo baasanitti,+ Hilqiyaan lubichi kitaaba Seera Yihowaa+ isa karaa Musee*+ kenname ni argate. 15 Kanaafuu, Hilqiyaan Shaafaan isa barreessaa taʼeen, “Mana Yihowaa keessaa kitaaba Seerichaa argadheera” jedhe. Achiis Hilqiyaan kitaabicha Shaafaanitti ni kenne. 16 Sana booda Shaafaan kitaabicha gara mootichaatti geessee akkana isaan jedhe: “Tajaajiltoonni kee hojii isaaniif kenname hundumaa hojjechaa jiru. 17 Isaan, maallaqa isa mana Yihowaa keessaa argame baasanii namoota muudamanittii fi warra hojicha hojjetanitti kennaniiru.” 18 Kana malees Shaafaan inni barreessaa taʼe, “Kitaabni Hilqiyaan lubichi natti kenne tokko jira” jedhee mootichatti hime.+ Achiis Shaafaan mooticha duratti kitaabicha irraa dubbisuu jalqabe.+

19 Mootichis dubbii Seerichaa akkuma dhagaʼeen uffata isaa ni tarsaase.+ 20 Achiis mootichi Hilqiyaadhaaf, Ahiqaam+ ilma Shaafaaniif, Abdoon ilma Miikiyaasiif, Shaafaan isa barreessaa taʼee fi Asaayaa isa tajaajilaa mootichaa taʼeef ajaja akkana jedhu kenne: 21 “Abbootiin keenya wanta kitaaba kana keessatti barreeffame hundumaa eeguudhaan dubbii Yihowaatiif waan hin ajajamneef, dheekkamsi Yihowaa inni nu irratti dhangalaʼu guddaa dha; kanaafuu, dhaqaatii dubbii kitaaba argame kana keessa jiru ilaalchisee anaan, akkasumas warra Israaʼelii fi Yihudaa keessatti hafan bakka buʼaatii Yihowaa gaafadhaa.”+

22 Kanaafuu, Hilqiyaan warra mootichi ergee wajjin gara Huldaa raajittii+ dhaqe. Ishiin haadha manaa Shaalum ilma Tiquwaa, ilma Harhaas isa eegduu mana uffataa taʼe sanaa yeroo taatu, Kutaa Lammaffaa Magaalaa Yerusaalem keessa jiraatti turte; isaanis achitti ishii haasofsiisan.+ 23 Ishiinis akkana isaaniin jette: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Namicha gara kootti isin erge sanaan akkana jedhaa: 24 “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti badiisa nan fida;+ abaarsa kitaaba mootii Yihudaa duratti dubbisan keessatti barreeffame hundumaas nan fida.+ 25 Isaan waan na dhiisaniif,+ akkasumas hojii harka isaanii hundumaatiin na dheekkamsiisuuf waaqolii kan birootiif aarsaawwan aarfaman waan dhiheessaniif,+ dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni dhangalaʼa; hin dhaamus.’”+ 26 Mootii Yihudaa isa Yihowaa akka gaafattan isin erge sanaan garuu akkana jedhaa: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Wanta dhageesse sana ilaalchisee,+ 27 wanta inni iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti dubbate dhageessee garaan kee waan tuqameef,* Waaqayyo duratti waan gad of qabdeef, na duratti gad of qabdee uffata kee waan tarsaasteef, akkasumas na duratti waan boosseef, anis si dhagaʼeera+ jedha Yihowaan. 28 Gara abbootii keetti kanan walitti si qabu kanaafi;* ati nagaadhaan awwaala kee keessa ni ciista; ijji kees badiisa ani iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti fidu hundumaa hin argu.’”’”+

Isaanis deebiʼanii wanta jedhame kana mootichatti himan. 29 Kanaafuu, mootichi dhaamsa ergee jaarsolii Yihudaa fi jaarsolii Yerusaalem hunda ni waame.+ 30 Sana booda mootichi namoota Yihudaa hundumaa, jiraattota Yerusaalem, lubootaa fi Leewwota dabalatee isa xinnaa irraa hamma isa guddaatti namoota hundumaa wajjin gara mana Yihowaatti ol baʼe. Dubbii kitaaba kakuu isa mana Yihowaa keessatti argame sana irra jiru hundumaa utuma isaan dhagaʼanii ni dubbise.+ 31 Mootichi dubbii kakuu kana keessatti argamu isa kitaaba kana keessatti barreeffame hundumaa+ raawwachuudhaan, Yihowaa duukaa buʼuuf, akkasumas ajajawwan isaa, yaadachiisawwan isaa fi dambiiwwan isaa garaa isaa guutuu fi lubbuu* isaa guutuudhaan+ eeguuf, iddoo isaa dhaabbatee Yihowaa duratti kakuu gale.*+ 32 Kana malees, namoonni Yerusaalemii fi Biiniyaam keessa jiran hundi kakuu kana irratti akka waliif galan godhe. Jiraattonni Yerusaalemis akka kakuu Waaqayyoo isa Waaqa abbootii isaanii taʼeetti tarkaanfii fudhatan.+ 33 Achiis Yosiyaas wantoota jibbisiisoo* hundumaa biyyoota kan Israaʼelotaa taʼan hundumaa keessaa ni balleesse;+ akkasumas namoonni Israaʼel keessatti argaman hundi Waaqa isaanii Yihowaa akka tajaajilan godhe. Guutummaa bara jireenyaa* isaattis, isaan Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼe duukaa buʼuu irraa hin jalʼanne.

35 Yosiyaas Yerusaalem keessatti Yihowaadhaaf Faasikaa ni kabaje;+ isaan jiʼa isa tokkoffaa keessaa guyyaa 14ffaatti+ aarsaa Faasikaa ni qalan.+ 2 Inni luboota hojii isaanii irratti ni ramade; tajaajila mana Yihowaa akka raawwataniifis isaan jajjabeesse.+ 3 Achiis Leewwota warra barsiisota guutummaa Israaʼel+ taʼanii fi Yihowaadhaaf qulqulluu taʼaniin akkana jedhe: “Taabota qulqulluu sana mana Solomoon ilmi Daawit mootiin Israaʼel ijaare keessa kaaʼaa;+ kana booda gateettii keessan irratti isa hin baattan.+ Isin amma Waaqa keessan Yihowaa fi saba isaa Israaʼeliin tajaajilaa. 4 Wanta Daawit mootiin Israaʼelii fi ilmi isaa Solomoon+ barreessan hordofuudhaan,+ garee garee keessaniin akka manneen abbootii keessaniitti of qopheessaa. 5 Isin garee gareedhaan akka manneen abbootii sabichaa warra obboloota keessan taʼaniitti iddoo qulqulluu dhaabbadhaa; tokkoon tokkoon isaanii garee mana abbootii Leewwotaa tokko qabaachuu qabu. 6 Aarsaa Faasikaa qalaa;+ of qulqulleessaa; ajaja Yihowaa isa karaa Musee kenname akka raawwattaniifis obboloota keessaniif qophii godhaa.”

7 Yosiyaas sabichaaf, jechuunis warra achitti argaman hundumaatiif aarsaawwan Faasikaatiif akka taʼanitti, hoolota xobbaallaa kormaa fi reʼoota xobbaallaa kormaa walumaa galatti bushaayee 30,000, akkasumas loon 3,000 ni kenne. Kanneen kun qabeenya mootichaa keessaa kan kennaman turan.+ 8 Bulchitoonni isaas sabichaaf, lubootaa fi Leewwotaaf fedhiidhaan kennaa ni kennan. Hilqiyaan,+ Zakkaariyaasii fi Yehiʼel warri geggeessitoota mana Waaqa dhugaa taʼan aarsaawwan Faasikaa 2,600 fi loon 300 lubootaaf ni kennan. 9 Konaaniyaan, obboloonni isaa Shemaayaanii fi Naataaniʼel, akkasumas Hashaabiyaan, Yeyiʼelii fi Yozaabaad warri ajajjoota Leewwotaa taʼan aarsaawwan Faasikaa 5,000 fi loon 500 Leewwotaaf ni kennan.

10 Qophichi ni xumurame; achiis akkuma mootichi ajajee turetti luboonni iddoo iddoo isaanii, Leewwonnis akka garee garee+ isaaniitti ni dhaabbatan. 11 Isaanis aarsaawwan Faasikaa ni qalan;+ luboonnis dhiiga isaan harkaa fudhatan sana ni facaasan;+ yeroo kanatti Leewwonni horiiwwan sana irraa gogaa baasu turan.+ 12 Achiis aarsaawwan sun akka kitaaba Musee keessatti barreeffametti Yihowaadhaaf dhihaachuu akka dandaʼaniif, isaan namoota kaan warra akka mana abbootii isaaniitti gurmaaʼaniif hiruuf aarsaawwan gubaman ni qopheessan; loon sanas akkanuma ni godhan. 13 Isaan akkuma barsiifata yeroo sanaatti aarsaa Faasikaa ibiddaan ni bilcheessan;*+ aarsaawwan qulqulluu sana distiitti, sataateettii fi eelee irratti bilcheessanii, yeruma sana namoota hafan hundumaatiif ni kennan. 14 Achiis isaan ofii isaaniitii fi lubootaaf qophii ni godhan; luboonni warri sanyii Aaron taʼan aarsaawwan gubamanii fi cooma sana hamma galgalaatti dhiheessaa waan turaniif, Leewwonni ofii isaaniitii fi luboota warra sanyii Aaron taʼaniif qophii ni godhan.

15 Faarfattoonni warri ilmaan Asaaf+ taʼan, ajaja Daawit,+ Asaaf,+ Hemaanii fi Yedutuun+ inni mootichaaf mulʼata argu kennan hordofuudhaan iddoo iddoo isaanii qabatanii jiru turan; karra eegdonnis karrawwan adda addaa irra jiru turan.+ Obboloota isaanii kan taʼan Leewwonni qophii waan isaaniif godhaniif, tajaajila isaanii dhiisanii deemuun isaan hin barbaachisu ture. 16 Kanaafuu, akka ajaja Yosiyaas Mootichi kennetti,+ Faasikaa kabajuu+ fi iddoo aarsaa Yihowaa irratti aarsaawwan gubaman dhiheessuuf wanti tajaajila Yihowaatiif barbaachisu hundi guyyaa sanatti qophaaʼee ture.

17 Israaʼelonni warri achitti argamanis yeroo sanatti Faasikaa ni kabajan; guyyaa torbaafis Ayyaana Maxinoo ni kabajan.+ 18 Bara Saamuʼel raajichaatii jalqabee Faasikaan akkanaa matumaa Israaʼel keessatti kabajamee hin beeku; mootota Israaʼel keessaa Faasikaa Yosiyaas, luboonni, Leewwonni, guutummaan Yihudaa fi Israaʼel warri achitti argaman, akkasumas jiraattonni Yerusaalem kabajan fakkaatu kabaje kan biraan tokko illee hin turre.+ 19 Faasikaan kun kan kabajame Yosiyaas bulchuu jalqabee waggaa 18ffaa isaatti ture.

20 Kana hundumaa booda, Yosiyaas mana qulqullummaa* qopheessee yommuu xumurutti, Nekoon+ mootiin Gibxii Kaarkemiish ishii laga Efraaxis biratti argamtutti waraanaaf ni dhufe. Achiis Yosiyaas isa loluuf baʼe.+ 21 Kanaafuu, Nekoon ergamtoota gara isaatti ergee, “Yaa mootii Yihudaa, ana loluudhaaf kan baate maaliifi? Ani harʼa si loluuf hin dhufne; kanaa mannaa lolli koo mana kan biraa wajjini; Waaqayyos akkan ariifadhu na ajajeera. Ofiif jedhiitii Waaqa isa anaa wajjin jiru mormuu dhiisi; taʼuu baannaan garuu inni si balleessa” isaan jedhe. 22 Yosiyaas garuu isa irraa hin deebine; kanaa mannaa isa loluuf eenyummaa isaa dhoksee baʼe;+ dubbii Nekoo isa afaan Waaqayyoo keessaa baʼes hin dhageenye. Kanaafuu, inni lolaaf gara Dirree Megidoo+ ni dhufe.

23 Warri xiyya darbatanis Yosiyaas Mooticha ni waraanan; mootichis tajaajiltoota isaatiin, “Ani akka malee waanan madaaʼeef, as keessaa na baasaa” jedhe. 24 Kanaafuu, tajaajiltoonni isaa gaarii fardaa irraa isa buusanii gaarii fardaa waraanaa isaa isa lammaffaa irra kaaʼanii gara Yerusaalemitti isa fidan. Akka kanaan inni duʼee awwaala abbootii isaa keessatti awwaalame;+ guutummaan Yihudaa fi Yerusaalemis Yosiyaasiif ni booʼan. 25 Ermiyaasis+ Yosiyaasiif faaruu gaddaa ni faarfate; dhiironnii fi dubartoonni faarfattoota+ taʼan hundis hamma harʼaatti Yosiyaasiif faaruu gaddaa ni faarfatu; faaruuwwan kunis Israaʼel keessatti akka faarfatamanii fi kitaaba faaruuwwan gaddaa keessatti akka barreeffaman ni murteeffame.

26 Seenaan Yosiyaas inni hafee fi wantoota Seera Yihowaa irratti barreeffaman eeguudhaan hojiiwwan inni jaalala amanamaadhaan raawwate, 27 akkasumas jalqabaa kaasee hamma dhumaatti wanti inni godhe, Kitaaba Mootota Israaʼelii fi Yihudaa keessatti barreeffameera.+

36 Achiis namoonni biyyattii Yehoʼahaaz+ ilma Yosiyaas fuudhanii bakka abbaa isaa Yerusaalem keessatti mootii godhan.+ 2 Yehoʼahaaz yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 23 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadiif ni bulche. 3 Haa taʼu malee, mootiin Gibxii Yerusaalem keessatti aangoo isaa irraa isa ni buuse; biyyattii irrattis adaba meetii taalaantii* 100 fi warqii taalaantii tokkoo ni mure.+ 4 Kana malees, mootiin Gibxii Eliyaaqiim obboleessa Yehoʼahaaziin Yihudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe; maqaa isaas Yehoyaaqiim jedhee jijjiire; Nekoon+ obboleessa isaa Yehoʼahaaziin garuu gara Gibxiitti geesse.+

5 Yehoyaaqiim+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche. Wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti hamaa taʼes ni raawwate.+ 6 Nebukadnezaar+ mootiin Baabilon qabee hidhaa sibiila diimaa lamaan hidhee gara Baabilonitti isa geessuuf isatti duule.+ 7 Achiis Nebukadnezaar miʼawwan mana Yihowaa keessa jiran tokko tokko gara Baabilonitti fudhatee mana mootummaa isaa isa Baabilon keessatti argamu keessa kaaʼe.+ 8 Seenaan Yehoyaaqiim inni hafe, wantoonni jibbisiisoon inni raawwatee fi wanti hamaan isa irratti argame, Kitaaba Mootota Israaʼelii fi Yihudaa keessatti barreeffameera; ilmi isaa Yehoyaakiinis bakka isaa mootii taʼe.+

9 Yehoyaakiin+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 18 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii fi guyyaa kudhaniif ni bulche; wanta Yihowaa duratti hamaa taʼes ni raawwate.+ 10 Jalqaba waggichaatti* Nebukadnezaar Mootichi isa, akkasumas wantoota mana Yihowaa keessa jiranii fi gatii guddaa qaban+ gara Baabilonitti akka fidaniif namoota isaa ni erge.+ Obboleessa abbaa isaa Zedeeqiyaa immoo Yihudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe.+

11 Zedeeqiyaan+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 21 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche.+ 12 Inni wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate. Ermiyaas raajicha isa ajaja Yihowaatiin dubbate sana durattis gad of hin qabne.+ 13 Kana malees, inni Nebukadnezaar Mooticha isa maqaa Waaqayyootiin isa kakachiisee ture irratti fincila kaase;+ didaa* fi mata jabeessa taʼuu isaa itti fufe; gara Yihowaa Waaqa Israaʼelitti deebiʼuus ni dide. 14 Ajajjoonni lubootaa hundii fi sabichi, wantoota jibbisiisoo saboonni kaan raawwatan hundumaa raawwachuudhaan akka malee amanamummaa isaanii hirʼisanii turan; kana malees, mana Yihowaa isa inni Yerusaalem keessatti qulqulleessee ture ni xureessan.+

15 Waaqni abbootii isaanii Yihowaan garuu saba isaatiif, iddoo jireenyaa isaatiifis waan garaa laafeef, karaa ergamtoota isaa irra deddeebiʼee isaan akeekkachiisa ture. 16 Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii+ fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu,+ dubbii isaa ni tuffatu,+ raajota isaattis ni qoosu+ turan.

17 Kanaan kan kaʼes, inni mootii Kaladootaa+ isaanitti ni erge; innis dargaggoota isaanii mana qulqullummaa isaanii+ keessatti goraadeedhaan ni ajjeese;+ dargaggeessaaf yookiin durbaaf, maanguddoodhaaf yookiin isa dadhabaadhaaf garaa hin laafne.+ Waaqayyos wanta hundumaa harka isaatti dabarsee kenne.+ 18 Innis guddaa fi xinnaa utuu hin jedhin miʼawwan mana Waaqa dhugaa hundumaa, akkasumas qabeenya mana Yihowaa, qabeenya mootichaa fi qabeenya bulchitoota isaa hundumaa gara Baabilonitti ni geesse.+ 19 Mana Waaqa dhugaa ni gube;+ dallaa Yerusaalem ni diige;+ masaraawwan ishii warra ciccimoo taʼan hundumaas ibiddaan ni gube; wantoota gatii guddaa qaban hundumaas ni balleesse.+ 20 Warra goraadee irraa oolan boojiʼee gara Baabilonitti geesse;+ isaanis hamma mootummaan Faarsi bulchuu jalqabetti+ isaa fi ilmaan isaatiif tajaajiltoota taʼan;+ 21 kunis kan taʼe, dubbiin Yihowaan karaa Ermiyaas dubbate akka raawwatamuuf,+ hamma biyyattiin idaa sanbataa ishii irra jiru kaffaltutti ture.+ Waggoonni 70ni sun hamma raawwatamanittis, biyyattiin yeroo ona taatee turte hundumaatti sanbata ni kabajje.+

22 Dubbiin Yihowaan karaa Ermiyaas dubbate+ akka raawwatamuuf, waggaa jalqabaa Qiiros+ mootii Faarsitti, Yihowaan guutummaa mootummaa isaa keessatti labsii tokko akka labsuuf hafuura Qiiros mootii Faarsi ni kakaase; innis akkana jechuudhaan labsii sana ni barreesse:+ 23 “Qiiros mootiin Faarsi akkana jedha: ‘Waaqa samiiwwanii kan taʼe Yihowaan mootummoota lafa irraa hundumaa naaf kenneera;+ Yerusaalem ishii Yihudaatti argamtu keessattis mana akkan isaaf ijaaru na ajajeera.+ Saba isaa hundumaa keessaa namni isin gidduutti argamu kam iyyuu Waaqni isaa Yihowaan isaa wajjin haa taʼu; innis achitti ol haa baʼu.’”+

Jechuunis, alloo.

Ykn., “achitti Waaqa ni gaafatu turan.”

Kal., “saba kana dura akkan gad baʼuu fi akkan ol seenuuf.”

Ykn., “lubbuu.”

Kal., “guyyoota hedduu.”

Ykn., “abbootii fardeenii.”

Ykn., “abbootii fardeenii.”

Ykn tarii, “Gibxii fi Kuweedhaa; daldaltoonni mootichaa Kuweedhaa isaan bitu turan,” tarii Kiilqiyaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “manni mootii.”

Ykn., “baʼaa baatan.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Jechuunis, daabboo ilaalchaa.

Qorosiin tokko 220 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Baatiin tokko 22 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “baʼaa baatan.”

Dhundhumni tokko 44.5 cm dha; namoonni tokko tokko garuu, “safartuun durii” dhundhuma dheeraa 51.8 cm taʼe akka argisiisu isaanitti dhagaʼama. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Barreeffamoonni bara durii muraasni “120” jedhu; barreeffamoonni bara durii kaanii fi hiikkaawwan tokko tokko garuu “dhundhuma 20” jedhu.

Kal., “mana.”

Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “mana.”

Jechuunis, goflaawwan.

Jechuunis, gara Kutaa Qulqulluutti.

Ykn., “karaa kibbaa.”

Ykn., “karaa kaabaa.”

“Inni [jechuunis, Yihowaan] Jabeessee haa Dhaabu” jechuu dha.

Tarii, “Jabinaan” jechuu dha.

Ykn., “miʼa bishaanii.”

Gara 7.4 cm. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Baatiin tokko 22 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “qabachuu dandaʼa.”

Ykn., “gaariiwwan bishaanii.”

Ykn., “daabboon Waaqayyo duratti dhihaatu.”

Jechuunis, Ayyaana Daasii.

Ykn., “luboonni Leewwota taʼan.”

Siimbaaliin meeshaa muuziqaa sibiila irraa hojjetamuu fi yeroo walitti rukutamu sagalee guddaa dhageessisu dha.

Kal., “ilma kee isa mudhii kee keessaa baʼu.”

Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “namni kan biraan abaarsa jala yoo isa galche.” Jechuunis, namichi kakate sun kan kakate sobaan yoo taʼe ykn utuu hin raawwatin yoo hafe abaarsi sun adaba isa irra geessisa.

Kal., “abaarsa.”

Kal., “abaarsa.”

Kal., “qajeelaa.”

Ykn., “waan isaan rakkisteef.”

Ykn., “kuruphisni.”

Kal., “biyya karrawwan isaa.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “bakka kana ilaalchisee.”

Kal., “fuula isaa hin garagalchin.”

Tarii Leewwota kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Ykn., “karra Hamaatii.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Guyyaa ayyaanicha booda jiru ykn guyyaa 15ffaa.

Kal., “kan itti mammaakamuu.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Kal., “ilmaan Israaʼelis.”

Ykn., “deebisee ni ijaare.”

Ykn., “Bakka Yeroo Muraasaaf Keessa Turanitti.”

Ykn., “seera qabeessa; kan xumurame.”

Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “hibboodhaan.”

Zayitii urgaaʼaa biqiltootaa fi mukeetii tokko tokko irraa argamu dha.

Kal., “wanti Solomoon jalaa dhokate.”

Kal., “hafuurri ishii keessatti hin hafne.”

Ykn., “dubbatte.”

Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn tarii, “kennaawwan hamma ishiin mootichaaf fiddee wajjin wal qixxaatu dabalatees.”

Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Gaachana xixinnoo yeroo baayʼee warri xiyya darbatan qabatan.

Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti miinaan tokko 570 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Allaattii halluuwwan bareedan adda addaa qabdu. Ingiliffaan piikookii.

Kal., “fuula isaa arguu.”

Ykn., “abbootii fardeenii.”

Jechuunis, Efraaxis.

Jechuunis, harqoota, qambara.

Ykn., “cunqursaa.”

Ykn., “jaarsolii.”

Ykn., “jaarsoliin.”

Ykn., “jaarsolii.”

Kal., “dunkaana dunkaana.”

Kal., “filataman.”

Ykn., “ni jabeesse.”

Kal., “reʼootaa.”

Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.

Ykn., “bittinneesse.”

Kal., “mootummoota.”

Kal., “fiigdotaa.”

Kal., “filataman.”

Kal., “filataman.”

Jechuunis, kakuu dhaabbataa taʼee fi hin jijjiiramne.

Kal., “harka isaa guutuuf dhufe.”

Jechuunis, daabboon ilaalchaa.

Kal., “filataman.”

Kal., “hirkataniif.”

Ykn., “naannoo ishiitti.”

Ykn., “gabaasawwan; ibsawwan.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “balbaloota lamaa.”

Gaachana xixinnoo yeroo baayʼee warri xiyya darbatan qabatan.

Kal., “irra dhaabbatan.”

Kal., “waan hirkanneef.”

Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.

Kal., “guyyoota hedduudhaaf.”

Kal., “isa gad baʼuufis taʼe isa ol seenuuf nagaan hin jiru ture.”

Kal., “harki keessan hin laafin.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “fiinoodhaan,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “guyyoota.”

Ykn., “Waaqayyoof guutummaatti kan bule.”

Ykn., “naannoo Aasaa Mootichaa keessaa akka gad hin baane ykn gara naannoo isaatti akka hin seenne.”

Ykn., “jabeessuu; deebisee ijaaruu.”

Ykn., “kakuun.”

Ykn., “kakuu.”

Ykn., “jabeessuu; deebisee ijaaruu.”

Ykn., “ni jabeesse; deebisee ni ijaare.”

Kal., “hirkachuu.”

Kal., “waan hirkatteef.”

Ykn., “warra guutummaatti isaaf bulaniif.”

Ykn., “guutuu taʼe deggeruuf.”

Kal., “jirma miila ittiin hidhan keessa.”

Kan bobeessan reeffa isaa utuu hin taʼin, urgooftuuwwan adda addaa akka taʼe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama.

Kal., “ajajawwan isaa irra deemeera.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “sossobe.”

Ykn., “ni dhiibda.”

Ykn., “maleekaan.”

Ykn., “utuu itti hin yaadin.”

Kal., “buufaticha.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “garaan kee waan murteesseef.”

Ykn., “garaa guutummaatti Waaqayyoof buleen.”

Ykn., “wanta gaarii taʼee.”

Ykn tarii, “Maʼuunota.”

Kun Galaana Duʼaa akka taʼe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama.

Kal., “fuula isaa ni qajeelche.”

Kal., “ilmaan.”

Ykn., “laga gogaa sana.”

Ykn., “Yihowaan akkamitti akka isin oolchus.”

Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”

Kal., “ni eebbisan.”

“Eebba” jechuu dha.

Kal., “hafuura Filisxeemotaa.”

Akaaziyaa jedhamees ni waamama.

Kal., “intala.”

Barreeffamoota Afaan Ibrootaa harkaan garagalfaman tokko tokko irratti, “Azaariyaa” jedhameera.

Ykn., “dhukkubsatee.”

Kal., “ilma.”

Kal., “kutuuf.”

Kal., “sanyii mootummaa hunda.”

Ykn., “kakuu.”

Kal., “yommuu gad baʼuu fi yommuu ol seenu.”

Gaachana xixinnoo yeroo baayʼee warri xiyya darbatan qabatan.

Ykn., “meeshaa waraanaa furguggifamu.”

Tarii maraa kitaabaa Seera Waaqayyoo qabate taʼuu dandaʼa.

Ykn., “akka faarfatamuuf mallattoo kennaa.”

Ykn., “mana qulqullummaa.”

Kal., “harka Daawitiin.”

Ykn tarii, “hundi isaanii hamma kennanitti.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “ni taʼe.”

Ykn., “isaan irratti ragaa baʼu.”

Kal., “Zakkaariyaas ilmi Yehoyaadaa lubichaa hafuura Waaqayyoo ni uffate.”

Jechuunis, abbaan Zakkaariyaas.

Jechuunis, warri Sooriyaa.

Ykn., “dhukkuba hedduudhaan qabamee waan tureef.”

Ykn., “ilma.” Tarii jechi danuu as irratti gale ulfina kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Kal., “buʼuura kaaʼuu.”

Ykn., “gabaasawwan; ibsawwan.”

Kal., “filataman.”

Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “fuulleetti walitti haa dhufnu.”

Kal., “ati.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Kal., “dunkaana dunkaana.”

Akaaziyaa jedhamees ni waamama.

Gara 178 m. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “itti gaafatamummaa Obeed Edoom jala.”

Jechuunis, abbaan isaa Amaaziyaan.

Ykn., “bocee baase,” qarsaa irraa taʼuu hin oolu.

Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Qorosiin tokko 220 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “qopheeffateef.”

Ykn., “siidaawwan Baʼaal baqfamanii tolfamanis.”

Ibsa Jechootaa ilaali. “Gahaannam.”

Kal., “manichaa.”

Ykn., “naannoo ishiitti.”

Ykn., “qoosamu.”

Ykn., “itti boqottan.”

Jechuunis, daabboon ilaalchaa.

Jechuunis, ilmoolee hoolaa.

Kal., “harka keessan guuttaniittu.”

Kal., “garaa qajeelaa kan qaban.”

Kal., “fiigdonni.”

Ykn., “gaarii.”

Kal., “fiigdonni.”

Kal., “garaa tokko isaaniif kennuuf.”

Kal., “sabicha ni fayyise.”

Kal., “garaa isaaniitti dubbate.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “buufatawwan.”

Ykn., “seera Yihowaatiif guutummaatti akka of kennaniif.”

Jechuunis, harka kudhan keessaa harka tokko.

Ykn., “kutaawwan nyaataa.”

Ykn., “Miiloo.” Jecha Afaan Ibrootaa hiika “itti guutuu” jedhu qabu.

Ykn., “meeshaawwan waraanaa furguggifamanii.”

Kal., “garaa isaaniitti dubbate.”

Ykn., “jabina namaa ti.”

Kal., “jabinaa fi simboo raayyaa waraanaa isaa.”

Kal., “isaa.”

Ykn., “mallattoo dinqii.”

Ykn., “mallattoo dinqii.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “ibidda keessa dabarse.”

Ykn tarii, “hallayyaa keessatti qabanii.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “siidaawwan baqfamanii tolfaman.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “siidaawwan baqfamanii tolfaman.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “manicha.”

Ykn., “baʼaa baatan.”

Kal., “harka Museetiin.”

Kal., “waan laafeef.”

Kun jechama duʼa argisiisuuf oolu dha.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “kakuu sana ni haaresse.”

Ykn., “waaqolii tolfamoo.”

Kal., “Guyyoota.”

Ykn tarii, “ni waadan.”

Kal., “manicha.”

Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Tibba arfaasaatti taʼuu hin oolu.

Kal., “boqu jabeessaa.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi