LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt Maatewos 1:1-28:20
  • Maatewos

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maatewos
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Maatewos

WANGEELA MAATEWOS

1 Kitaaba seenaa* Yesuus Kiristoos,* ilma Daawit,+ ilma Abrahaam:+

 2 Abrahaam Yisihaaqiin+ dhalche;

Yisihaaq Yaaqoobiin+ dhalche;

Yaaqoob Yihudaa+ fi obboloota isaa dhalche;

 3 Yihudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zaaraa+ dhalche;

Faares Hesrooniin+ dhalche;

Hesroon Raamiin+ dhalche;

 4 Raam Aminaadaabiin dhalche;

Aminaadaab Naʼaasooniin+ dhalche;

Naʼaasoon Salmooniin dhalche;

 5 Salmoon Rahaab+ irraa Boʼaaziin dhalche;

Boʼaaz Ruut+ irraa Yoobeediin dhalche;

Yoobeed Isseyiin+ dhalche;

 6 Issey Daawit+ Mooticha dhalche.

Daawit haadha manaa Uuriyaa irraa Solomooniin+ dhalche;

 7 Solomoon Rooboʼaamiin+ dhalche;

Rooboʼaam Abiyaa dhalche;

Abiyaan Aasaa+ dhalche;

 8 Aasaan Yoshaafaaxiin+ dhalche;

Yoshaafaax Yooraamiin+ dhalche;

Yooraam Ooziyaa dhalche;

 9 Ooziyaan Yootaamiin+ dhalche;

Yootaam Akaaziin+ dhalche;

Akaaz Hisqiyaasiin+ dhalche;

10 Hisqiyaas Minaasee+ dhalche;

Minaaseen Amooniin+ dhalche;

Amoon Yosiyaasiin+ dhalche;

11 Yosiyaas+ bara boojuudhaan gara Baabilonitti geeffamanitti+ Yikooniyaa+ fi obboloota isaa dhalche.

12 Boojuudhaan gara Baabilonitti erga geeffamanii booda Yikooniyaan Saalaatiʼeliin dhalche;

Saalaatiʼel Zarubaabeliin+ dhalche;

13 Zarubaabel Abiyuudiin dhalche;

Abiyuud Eliyaaqiimiin dhalche;

Eliyaaqiim Azooriin dhalche;

14 Azoor Saadoqiin dhalche;

Saadoq Akiimiin dhalche;

Akiim Eliyuudiin dhalche;

15 Eliyuud Eleʼazaariin dhalche;

Eleʼazaar Maataaniin dhalche;

Maataan Yaaqoobiin dhalche;

16 Yaaqoob Yoseefiin dhalche; Yoseef kun abbaa manaa Maariyaam ture; Maariyaam immoo ishii Yesuus isa Kiristoos jedhamu sana deesse dha.+

17 Kanaafuu, dhaloonni hundi Abrahaamii hanga Daawititti dhaloota 14, Daawitii hanga boojuu Baabilonitti dhaloota 14, boojuu Baabilonii hanga Kiristoositti dhaloota 14 turan.

18 Yesuus Kiristoos kan dhalate akka kanaan ture. Haati isaa Maariyaam utuu Yoseefiif kaadhimatamtee jirtuu, waliin jiraachuu jalqabuu isaanii dura hafuura qulqulluudhaan*+ ulfooftee argamte. 19 Haa taʼu malee, abbaan manaa ishii* Yoseef nama qajeelaa waan tureef, uummata duratti ishii salphisuu hin barbaanne; kanaafuu, dhoksaatti ishii hiikuu yaade.+ 20 Taʼus, kana gochuuf yaadee utuu jiruu, kunoo, maleekaan Yihowaa* abjuudhaan isatti mulʼatee akkana isaan jedhe: “Yaa Yoseef ilma Daawit, ishiin kan ulfoofte hafuura qulqulluudhaan waan taʼeef,+ haadha manaa tee Maariyaamiin gara mana keetti fudhachuu hin sodaatin. 21 Ishiin ilma ni deessi; atis maqaa isaa Yesuus* jettee moggaasta;+ inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisa.”+ 22 Kun hundi kan taʼe, wanti Yihowaan* karaa raajii isaa akkana jedhee dubbate akka raawwatamuufi: 23 “Kunoo, durbi ulfooftee ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel+ jedhanii moggaasu”; hiikni isaas, “Waaqayyo Nuu Wajjin Jira”+ jechuu dha.

24 Achiis Yoseef hirribaa dammaqee akkuma maleekaan Yihowaa* isa ajaje godhe; haadha manaa isaas gara mana isaatti fudhate. 25 Garuu hanga ishiin ilma ishii deessutti+ ishii wajjin saalqunnamtii hin raawwanne; maqaa isaas Yesuus jedhee moggaase.+

2 Bara Heroodis*+ Mootichaatti, Yesuus Beetaliheem+ ishii Yihudaatti erga dhalatee booda, namoonni urjii lakkaaʼan Baha irraa gara Yerusaalem dhufanii, 2 “Mootiin Yihudootaa+ inni dhalate eessa jira? Nuti yommuu Baha turretti urjii isaa waan argineef isaaf sagaduu dhufne” jedhan. 3 Heroodis Mootichii fi namoonni Yerusaalem hundi yeroo kana dhagaʼan baayʼee jeeqaman. 4 Heroodis dura buutota lubootaa fi barsiisota seeraa* sabichaa hundumaa walitti qabee Kiristoos* eessatti akka dhalatu isaan gaafate. 5 Isaanis akkana isaan jedhan: “Beetaliheem+ ishii Yihudaatti dhalata; kun kan taʼus raajiin tokko waaʼee isaa akkana jedhee waan barreesseefi: 6 ‘Yaa Beetaliheem ishii biyya Yihudaa, bulchaan saba koo Israaʼeliin tiksu+ si keessaa waan baʼuuf, ati matumaa bulchitoota Yihudaa gidduutti magaalaa hundumaa caalaa tuffatamtu hin taatu.’”

7 Achiis Heroodis namoota urjii lakkaaʼan sana dhoksaadhaan ofitti waamee, yeroo urjichi itti mulʼate sirriitti isaan irraa mirkaneeffate. 8 Yommuu Beetaliheemitti isaan ergus, “Dhaqaatii of eeggannoodhaan mucicha barbaadaa; yommuu isa argattan anis dhaqee akkan isaaf sagaduuf deebiʼaatii natti himaa” isaaniin jedhe. 9 Isaanis wanta mootichi isaanitti hime erga dhagaʼanii booda karaa isaanii itti fufan; urjiin yommuu Baha+ turan argan sunis bakka mucichi jiru gaʼee hamma dhaabbatutti isaan dura buʼee deema ture. 10 Urjicha yommuu arganis baayʼee gammadan. 11 Yommuu gara manaatti ol seenanis mucicha haadha isaa Maariyaamii wajjin argan, jilbeenfataniis isaaf ni sagadan. Akkasumas saanduqa isaanii bananii warqii, ixaana adii fi qumbii kennaa godhanii isaaf ni kennan. 12 Taʼus, gara Heroodisitti akka hin deebine Waaqayyo abjuudhaan+ waan isaan akeekkachiiseef, karaa kan biraatiin gara biyya isaaniitti deebiʼan.

13 Isaan erga achii deemanii booda, maleekaan Yihowaa* abjuudhaan+ Yoseefitti mulʼatee, “Kaʼi, mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii gara Gibxiitti baqadhu; Heroodis mucicha ajjeesuuf waan isa barbaaduuf, hamma ani sitti himutti achuma turi” isaan jedhe. 14 Kanaafuu, Yoseef kaʼee mucichaa fi haadha mucichaa fudhatee halkaniin gara Gibxii deeme. 15 Hamma Heroodis duʼuttis achuma ture. Kunis wanti Yihowaan* karaa raajii isaa, “Ilma koo Gibxii keessaa nan waame”+ jedhee dubbate akka raawwatamu godhe.

16 Heroodis namoonni urjii lakkaaʼan sun akka isa gowwoomsan yommuu hubatu baayʼee aare; kanaafuu, yeroo isa namoota urjii lakkaaʼan sana irraa sirriitti mirkaneeffate+ irratti hundaaʼee, namoota erguudhaan ijoollee dhiiraa Beetaliheemii fi koonyaawwan ishii keessa jiran warra umuriin isaanii waggaa lamaa fi isaa gad taʼe hundumaa ni ajjeesise. 17 Yeroo kanatti wanti karaa Ermiyaas raajichaa akkana jedhamee dubbatame ni raawwatame: 18 “Sagaleen booʼichaa fi wawwaannaa cimaan Raamaa keessaa ni dhagaʼame. Raahel+ ijoollee ishiitiif ni boosse; isaan waan dhumaniif jajjabaachuu hin dandeenye.”+

19 Yeroo Heroodis duʼetti, kunoo, maleekaan Yihowaa* Gibxiitti abjuudhaan+ Yoseefitti mulʼatee, 20 “Warri lubbuu mucichaa balleessuu barbaadan waan duʼaniif, kaʼi, mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii gara biyya Israaʼelitti deebiʼi” isaan jedhe. 21 Kanaafuu, inni kaʼee mucichaa fi haadha mucichaa fudhatee gara biyya Israaʼelitti deebiʼe. 22 Haa taʼu malee, inni Arkelaawos bakka Heroodis abbaa isaa biyya Yihudaa bulchaa akka jiru waan dhagaʼeef achi dhaquu sodaate. Kana malees, Waaqayyo abjuudhaan akeekkachiisa waan isaaf kenneef,+ gara Galiilaa+ deeme. 23 Wanti karaa raajotaa, “Nama biyya Naazireet*+ jedhamee waamama” jedhamee dubbatame akka raawwatamuuf, gara magaalaa Naazireet+ jedhamtu dhufee achi jiraachuu jalqabe.

3 Bara sanatti Yohaannis+ Cuuphaan lafa onaa Yihudaa keessatti lallabaa+ dhufe; 2 lallabni isaas, “Mootummaan samii waan dhihaateef, yaada geddaradhaa”+ kan jedhu ture. 3 Kunis isa Isaayyaas raajichi+ waaʼee isaa, “Lafa onaa keessaa sagaleen, ‘Daandii Yihowaa* qopheessaa! Karaa isaas wal qixxeessaa’ jedhu tokko ni dhagaʼama”+ jechuudhaan dubbate sana dha. 4 Yohaannis uffata rifeensa gaalaa irraa tolfame uffata, mudhii isaas qabattoo gogaa irraa tolfameen hidhata ture.+ Nyaanni isaa immoo awwaannisaa fi damma bosonaa ture.+ 5 Yeroo sanatti namoonni Yerusaalem, guutummaa Yihudaa fi biyyoota naannoo Yordaanos jiran hundumaa keessaa gara isaa ni dhufu turan;+ 6 isaanis cubbuu isaanii ifatti himachaa Laga Yordaanos+ keessatti isaan cuuphamu* turan.

7 Yohaannis, Fariisonnii fi Saduuqonni+ hedduun bakka inni itti cuuphu dhufaa akka jiran yommuu argu akkana isaaniin jedhe: “Isin ijoollee buutii nana,+ dheekkamsa isa dhufaa jiru jalaa akka baqattan eenyutu isin akeekkachiise?+ 8 Kanaafuu, firii yaada geddarachuu keessan argisiisu godhadhaa. 9 ‘Abbaan keenya Abrahaami’+ jettanii hin yaadinaa. Ani isinitti nan hima, Waaqayyo dhagoota kana keessaa Abrahaamiif ijoollee kaasuu ni dandaʼa. 10 Ammuma iyyuu qottoon mukeetii jala kaaʼameera. Kanaafuu, mukti firii gaarii hin godhanne hundi muramee ibiddatti gatama.+ 11 Ani yaada waan geddarattaniif bishaaniin isin nan cuupha;+ inni ana booda dhufu garuu ana caalaa jabaa dha; ani kophee isaa illee isa irraa baasuuf gaʼumsa hin qabu.+ Inni hafuura qulqulluu+ fi ibiddaan isin cuupha.+ 12 Laayidaa* ittiin qulleessu harkatti qabateera; oobdii isaa guutummaatti ni qulqulleessa; achiis qamadii isaa gootaraatti ni galcha, habaqii isaa garuu ibidda+ dhaamuu hin dandeenyeen guba.”

13 Yeroo sanatti Yesuus Yohaannis akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa gara Yordaanos ni dhufe.+ 14 Yohaannis garuu, “Ani siin cuuphamuu utuun qabuu, ati gara koo dhuftaa?” jedhee isa dhowwuuf yaale. 15 Yeroo kanatti Yesuus, “Na hin dhowwin; akka kanaan wanta qajeelaa taʼe hundumaa raawwachuun keenya barbaachisaa dha” jedhee isaaf deebise. Achiis Yohaannis isa dhowwuu dhiise. 16 Yesuus erga cuuphamee booda, yeruma sana bishaanicha keessaa ni baʼe; yeroo kanatti samiiwwan ni banaman;+ inni hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti* gad dhufee yommuu isa irra buʼu+ ni arge. 17 Sagaleen tokkos samiiwwan irraa,+ “Kun Ilma koo+ isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha”+ jedhe.

4 Sana booda Yesuus Diyaabilos akka isa qoruuf+ hafuurri gara lafa onaatti isa geesse.+ 2 Inni guyyaa 40 fi halkan 40 erga soomee booda ni beelaʼe. 3 Diyaabilosis isa qoruuf+ itti dhihaatee, “Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun daabboo akka taʼan ajaji” isaan jedhe. 4 Inni garuu, “‘Namni dubbii afaan Yihowaa* keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu hin dandaʼu’+ kan jedhu barreeffameera” jedhee deebise.

5 Achiis Diyaabilos gara magaalaa qulqulluutti+ isa geessee fiixee gamoo mana qulqullummaa irra isa dhaabbachiisee+ 6 akkana isaan jedhe: “Ilma Waaqayyoo yoo taate mee gad of darbadhu; sababiin isaas, ‘Inni maleekota isaa siif ni ajaja’ akkasumas, ‘Miilli kee dhagaatti akka hin rukutamneef isaan harka isaaniitti si baatu’+ jedhamee barreeffameera.” 7 Yesuusis deebisee, “‘Waaqa kee Yihowaa* hin qorin’+ kan jedhus barreeffameera” isaan jedhe.

8 Ammas Diyaabilos gaara baayʼee dheeraa tokko irra ol isa baasee mootummoota addunyaa hundumaa fi ulfina isaanii isatti argisiise.+ 9 Achiis, “Siʼa tokko qofa jilbeenfattee yoo na waaqeffatte wantoota kana hundumaa siif nan kenna” isaan jedhe. 10 Yeroo kanatti Yesuus, “Seexana nana, na duraa deemi! ‘Waaqa kee Yihowaa* waaqeffadhu;+ isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi’+ kan jedhu barreeffameera” isaan jedhe. 11 Achiis Diyaabilos isa dhiisee deeme;+ maleekonnis dhufanii isa tajaajiluu jalqaban.+

12 Yesuus, Yohaannis akka hidhame+ yeroo dhagaʼu gara Galiilaa deeme.+ 13 Achiis Naazireetii erga baʼee booda, gara Qifirnaahom+ dhaqee achi jiraachuu jalqabe; Qifirnaahom galaana isa koonyaawwan Zaabiloonii fi Niftaalem keessa jiru biratti argamti turte; 14 kunis kan taʼe, wanti karaa Isaayyaas raajichaa akkana jedhamee dubbatame akka raawwatamuufi: 15 “Yaa Galiilaa sabootaa, biyyi Zaabiloonii fi biyyi Niftaalem warri daandii gara galaanichaatti geessu irratti, Yordaanos gamatti argamtan nana! 16 Uummanni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa arge; warra biyya gaaddisa duʼaa keessa jiraatan irrattis ifni+ ni baʼe.”+ 17 Yesuus yeroo sanaa kaasee, “Mootummaan samii waan dhihaateef, yaada geddaradhaa”+ jedhee lallabuu jalqabe.

18 Qarqara Galaana Galiilaa utuu deemaa jiruu, obbolaa lamaan, jechuunis Simoon isa Pheexiros+ jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriyaasiin utuu isaan saaphana isaanii galaanichatti darbatanii arge; isaan qurxummii kan qaban+ turan. 19 Achiis, “Kottaa na duukaa buʼaa; ani immoo namoota kan qabdan isin nan godha”+ isaaniin jedhe. 20 Isaanis yeruma sana saaphana isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.+ 21 Bakka sanaa yeroo deemus, obbolaa lamaan, jechuunis Yaaqoob ilma Zabdewosii fi obboleessa isaa Yohaannisiin+ arge. Isaan abbaa isaanii Zabdewosii wajjin bidiruu keessa taaʼanii saaphana isaanii suphaa turan; innis isaan waame.+ 22 Isaanis yeruma sana bidiruu sanaa fi abbaa isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.

23 Achiis inni manneen sagadaa+ isaanii keessatti barsiisaa, misiraachoo Mootummichaa lallabaa, akkasumas dhukkuba gosa hundumaa fi dhibee gosa hundumaa namoonni sun qaban fayyisaa+ guutummaa Galiilaa keessa naannaʼe.+ 24 Oduun waaʼee isaa dubbatamus guutummaa Sooriyaa keessatti babalʼate; isaanis namoota dhukkubaa fi waraansa adda addaatiin dhiphatan,+ warra jinniidhaan qabaman,+ warra gaggabdoo+ qabanii fi warra lamshaaʼan hundumaa gara isaatti fidan; innis isaan fayyise. 25 Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun Galiilaa, Dikaapoolis,* Yerusaalem, Yihudaa fi Yordaanos gama irraa dhufan isa duukaa ni buʼan.

5 Yesuus namoota hedduu yommuu argu gara gaaraatti ol ni baʼe; erga taaʼee boodas, barattoonni isaa gara isaa dhufan. 2 Achiis akkana jedhee isaan barsiisuu jalqabe:

3 “Warri wantoota hafuuraa dheebotan* gammadoo dha;+ Mootummaan samii kan isaanii ti.

4 “Warri gaddan gammadoo dha; isaan jajjabina ni argatu.+

5 “Warri garraamiin+ gammadoo dha; isaan lafa ni dhaalu.+

6 “Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan+ gammadoo dha; isaan ni quufu.+

7 “Warri gara laafeyyii taʼan+ gammadoo dha; isaan gara laafina ni argatu.

8 “Warri garaan isaanii qulqulluu taʼe+ gammadoo dha; isaan Waaqayyoon ni argu.

9 “Warri nagaa uuman*+ gammadoo dha; isaan ilmaan Waaqayyoo ni jedhamu.

10 “Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman+ gammadoo dha; Mootummaan samii kan isaanii ti.

11 “Yommuu namoonni waaʼee kootiif jedhanii isin arrabsan,+ isin ariʼatanii+ fi sobaan wanta hamaa hundumaa isin irratti dubbatan gammadaa.+ 12 Badhaasni isin samii irratti argattan+ guddaa waan taʼeef, gammadaa, ililchaas;+ isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiru.+

13 “Isin soogidda+ lafaa ti; garuu soogiddi yoo miʼaa isaa dhabe, akkamitti miʼaa isaa deebisee qabaachuu dandaʼa? Alatti gatamee+ namoonni irra ejjetu malee, sana booda waan tokkoof iyyuu hin fayyadu.

14 “Isin ifa addunyaa ti.+ Magaalaan gaara gubbaa jirtu dhokachuu hin dandeessu. 15 Namoonni ibsaa qabsiisanii baattuu ibsaa irra kaaʼu malee, guuboo* jala hin kaaʼan; innis warra manicha keessa jiran hundumaatiif ni ifa.+ 16 Haaluma wal fakkaatuun, namoonni hojii keessan isa gaarii+ arganii Abbaa keessan isa samiitiif ulfina akka kennaniif,+ ifni keessan namoota duratti haa ifu.+

17 “Ani Seericha yookiin barumsa raajotaa diiguuf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin. Ani diiguuf utuu hin taʼin, raawwachuufan dhufe.+ 18 Dhuguman isiniin jedha, akkuma samii fi lafti darbuu hin dandeenye, wanti hundi hamma raawwatamutti Seericha keessaa qubee xinnoon tokko yookiin sararri qubee tokko utuu hin raawwatamin hin hafu.+ 19 Kanaafuu, namni ajajawwan xixinnoo taʼan kana keessaa tokko cabsuu fi warri kaanis akkana akka godhan barsiisu kam iyyuu, Mootummaa samiitti galuuf gaʼumsa hin qabaatu.* Namni isaaniin hojii irra oolchuu fi warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu, Mootummaa samiitti galuuf gaʼumsa ni qabaata.* 20 Ani isiniin nan jedha, qajeelummaan keessan kan barsiisota seeraa fi Fariisotaa irra hin caalu taanaan,+ matumaa Mootummaa samiitti hin galtan.+

21 “Warra bara duriitti jiraataniin, ‘Hin ajjeesin,+ namni nama ajjeesu kam iyyuu mana murtiitti itti gaafatama’+ akka jedhame dhageessaniittu. 22 Ani garuu isinitti nan hima, namni obboleessa isaatti dheekkamee dheekkamsi isaa irraa hin qabbanoofne+ hundi mana murtiitti itti gaafatama; namni tuffiidhaan obboleessa isaatti dubbii qaanessaa dubbatu kam iyyuu Mana Murtii Walii Galaatti itti gaafatama; namni, ‘Gowwaa gatii hin qabne nana!’ isaan jedhu kam iyyuu immoo ibidda Gahaannamtu* isa eeggata.+

23 “Kanaafuu, kennaa kee gara iddoo aarsaatti fiddee,+ utuma achi jirtuu obboleessi kee sitti gadduu isaa yoo yaadatte, 24 kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii deemi. Jalqaba obboleessa kee wajjin araarami; sana booda deebiʼiitii kennaa kee dhiheessi.+

25 “Nama si himatee wajjin gara mana murtii utuu deemaa jirtuu dafiitii dhimmichaaf furmaata kenni; taʼuu baannaan garuu, namni si himate sun abbaa murtiitti dabarsee si kenna; abbaan murtii sun immoo waardiyyaa mana murtiitti dabarsee si kenna; atis mana hidhaatti galfamta.+ 26 Dhuguman sitti hima, saantima dhumaa ishii xinnoo* hanga kaffaltutti matumaa achii hin baatu.

27 “‘Hin ejjin’+ akka jedhame dhageessaniittu. 28 Ani garuu isinitti nan hima, namni hamma fedhiin isaa kakaʼutti dubartii takka ilaaluu+ isaa itti fufu hundi garaa isaatti ishii wajjin ejja raawwateera.+ 29 Ijji kee mirgaa yoo si gufachiise, of keessaa baasii gati.+ Sababiin isaas, guutummaan qaama keetii Gahaannamitti* gatamuu mannaa, kutaa qaama kee keessaa tokko dhabuu sii wayya.+ 30 Harki kee mirgaas yoo si gufachiise, of irraa kutii gati.+ Sababiin isaas, guutummaan qaama keetii Gahaannamitti* gatamuu mannaa, kutaa qaama kee keessaa tokko dhabuu sii wayya.+

31 “Kana malees, ‘Namni haadha manaa isaa hiiku kam iyyuu, waraqaa ragaa ishii hiikuu isaa argisiisu haa kennuuf’+ jedhameera. 32 Ani garuu isinitti nan hima, namni utuu ishiin halalummaa* hin raawwatin haadha manaa isaa hiiku hundi, ejjaaf akka saaxilamtu godha; namni dubartii hiikamte sana fuudhu hundis ejja raawwata.+

33 “Kana malees, namoota bara duriitti jiraataniin, ‘Wareega Yihowaadhaaf* wareegde raawwadhu+ malee akkasumaan hin kakatin’+ akka jedhame dhageessaniittu. 34 Ani garuu isinitti nan hima, matumaa hin kakatinaa;+ samiitti hin kakatinaa, inni teessoo Waaqayyoo ti; 35 lafattis hin kakatinaa, ishiin ejjeta miila isaa ti;+ yookiin Yerusaalemitti hin kakatinaa, ishiin magaalaa Mootii isa guddaa ti.+ 36 Mataa keetiinis hin kakatin, ati rifeensa tokkittii illee adii yookiin gurraacha gochuu hin dandeessu. 37 Dubbiin keessan ‘Eeyyee’ yoo taʼe eeyyee, ‘Lakki’ yoo taʼe lakki haa taʼu;+ kanaan ala kan taʼe kan isa hamaa sanaa ti.+

38 “‘Bakka ijaa ija, bakka ilkaanii ilkaan’+ akka jedhame dhageessaniittu. 39 Ani garuu isiniin nan jedha, nama hamaa taʼe hin mormin; kanaa mannaa, nama maddii* kee isa mirgaa kabalu* kamiif iyyuu maddii kee isa bitaas itti qabi.+ 40 Namni tokko gara mana murtiitti si geessuu fi uffata kee isa jalaan uffattu fudhachuu yoo barbaade, uffata kee isa irraan uffattus isaaf kenni;+ 41 namni aangoo qabu kiilomeetira* tokko akka deemtu yoo si dirqisiise, ati immoo kiilomeetira lama isa duukaa deemi. 42 Nama si kadhatuuf kenni; nama si irraa liqeeffachuu* barbaadus hin dhowwatin.+

43 “‘Michuu* kee jaalladhu,+ diina kee jibbi’ akka jedhame dhageessaniittu. 44 Ani garuu isiniin nan jedha, diinota keessan jaallachuu+ fi warra isin ariʼataniif kadhachuu keessan itti fufaa;+ 45 kana yoo gootan, ilmaan Abbaa keessan isa samii+ taʼuu keessan argisiistu; inni aduu isaa namoota hamoo fi namoota gaarii irratti ni baasa; bokkaas qajeelotaa fi jalʼoota irratti ni roobsa.+ 46 Warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan badhaasa maalii argattu?+ Warri qaraxa sassaabanis akkanuma godhu mitii ree? 47 Obboloota keessan qofa nagaa yoo gaafattan, wanti addaa isin gootan maali dha? Saboonni kaanis akkanuma godhu mitii ree? 48 Akkuma Abbaan keessan inni samii mudaa kan hin qabne* taʼe, isinis mudaa kan hin qabne taʼaa.+

6 “Namootatti argisiifachuuf+ jettanii hojii qajeelummaa keessan isaan duratti akka hin hojjenne of eeggadhaa; akkana yoo gootan Abbaa keessan isa samii biraa badhaasa hin argattan. 2 Kanaafuu, ati yommuu kennaa gara laafinaa* kennitu akka fakkeessitoonni namoota duratti ulfina argachuuf mana sagadaa fi karaa irratti godhanitti, dursitee malakata hin afuufin. Dhuguman isiniin jedha, isaan badhaasa isaanii guutummaatti argataniiru. 3 Ati garuu yommuu kennaa gara laafinaa kennitu, wanta harki kee mirgaa godhu harki kee inni bitaa akka beeku hin godhin; 4 akka kanaan kennaa gara laafinaa kee dhoksaatti ni kennita. Abbaan kee inni samii inni dhoksaatti ilaalus gatii kee siif deebisa.+

5 “Yommuu kadhattanis, akka fakkeessitootaa+ hin taʼinaa; isaan warri kaan akka isaan arganiif+ mana sagadaa fi qarqara karaa guguddaa irra dhaabbatanii kadhachuu jaallatu. Dhuguman isinitti hima, isaan badhaasa isaanii guutummaatti argataniiru. 6 Ati garuu yeroo kadhattu, gara kutaa kee seeni; balbala kee cufadhuutii Abbaa kee isa iddoo dhoksaa jiru kadhadhu.+ Abbaan kee inni dhoksaatti ilaalus gatii kee siif ni deebisa. 7 Yommuu kadhattan akka saboota kaanii waanuma wal fakkaatu irra deddeebitanii hin dubbatinaa; isaan jechoota baayʼee waan dubbataniif kadhannaan isaanii kan isaaniif dhagaʼamu itti fakkaata. 8 Kanaafuu, isin akka isaanii hin taʼinaa; Abbaan keessan utuu isa hin gaafatin iyyuu wanta isin barbaachisu beeka.+

9 “Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa:+

“‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee+ haa qulqullaaʼu.*+ 10 Mootummaan kee haa dhufu.+ Fedhiin kee+ akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu.+ 11 Nyaata harʼaaf nu barbaachisu harʼa nuuf kenni;+ 12 akkuma nuti warra balleessaa nu irratti raawwataniif* dhiisne,+ balleessaa* keenya nuu dhiisi. 13 Isa hamaa* sana+ irraa nu oolchi malee, qorumsatti nu hin galchin.’+

14 “Namoota cubbuu isin irratti hojjetaniif dhiifama yoo gootan, Abbaan keessan inni samiis dhiifama isiniif godha;+ 15 namoota cubbuu isin irratti hojjetaniif dhiifama hin gootan taanaan garuu, Abbaan keessanis cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.+

16 “Yommuu soomtan,+ akka fakkeessitootaatti fuula keessan hin daalacheessinaa; isaan akka sooman namootatti argisiifachuuf+ fuula isaanii daalacheessu.* Dhuguman isiniin jedha, isaan badhaasa isaanii guutummaatti argataniiru. 17 Ati garuu yommuu soomtu, fuula kee dhiqadhu, mataa kees dibadhu; 18 akkana yoo goote namoota duratti kan soomtu fakkaattee hin mulʼattu; kanaa mannaa, soomaa akka jirtu Abbaa kee isa bakka dhoksaa jiru qofatu arga. Abbaan kee inni samii inni dhoksaatti ilaalus gatii kee siif ni deebisa.

19 “Bakka biliin nyaatuu fi ligidni balleessutti, akkasumas bakka hattuun cabsee seenee hatuu dandaʼutti, lafa irratti qabeenya kuufachuu dhiisaa.+ 20 Kanaa mannaa, bakka biliin nyaachuu fi ligidni balleessuu,+ akkasumas hattuun cabsee seenee hatuu hin dandeenyetti, samii keessatti qabeenya kuufadhaa.+ 21 Sababiin isaas, bakkuma qabeenyi kee jiru sana garaan kees achuma ni taʼa.

22 “Ibsaan qaamaa ija dha.+ Kanaafuu, ijji kee waan tokko irratti kan xiyyeeffate* yoo taʼe, guutummaan qaama keetii ifaa* taʼa. 23 Ijji kee kan hinaafu* yoo taʼe+ garuu, guutummaan qaama keetii dukkana taʼa. Ifni si keessa jiru dhuguma dukkana yoo taʼe, dukkanni sun hammam guddaa haa taʼu!

24 “Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼuu dandaʼu hin jiru; isa tokko jibbee isa kan biraa jaallata+ yookiin isa tokkotti maxxanee isa kan biraa tuffata. Waaqayyoo fi Qabeenyaaf garbicha taʼuu hin dandeessan.+

25 “Kanaafuu, ani isinitti nan hima, waaʼee jireenya* keessanii ‘Maal nyaanna?’ yookiin ‘Maal dhugna?’ yookiin waaʼee dhaqna keessanii ‘Maal uffanna?’+ jettanii yaaddaʼuu keessan dhiisaa.+ Jireenyi* nyaata irra, qaamnis uffata irra hin caaluu?+ 26 Simbirroota samii hubadhaa ilaalaa;+ isaan sanyii hin facaasan yookiin hin haaman yookiin gootaraatti hin galchan; taʼus Abbaan keessan inni samii isaan soora. Maarree isin isaan caalaa gatii guddaa hin qabdanii? 27 Isin keessaa namni yaaddaʼee umurii isaa irratti dhundhuma* tokko dabaluu dandaʼu jiraa?+ 28 Kana malees, wanta uffattaniif maaliif yaaddoftu? Abaaboowwan dirree keessaa akkamitti akka guddatan ilaalaatii irraa baradhaa; isaan hin dhamaʼan, hin foʼanis; 29 ani garuu isinitti nan hima, Solomoon+ illee ulfina sana hundumaa utuu qabuu, isaan keessaa hamma ishii tokkoo hin miidhagne. 30 Waaqayyo biqiltoota dirree keessaa warra harʼa mulʼatanii boru gara iddoo ibiddaatti gataman akkanatti itti uwwisa erga taʼee, isin namoota amantii xinnoo qabdan nana, isinitti immoo kana caalaa hin uwwisuu ree? 31 Kanaafuu, ‘Maal nyaanna?’ yookiin ‘Maal dhugna?’ yookiin ‘Maal uffanna?’ jettanii matumaa hin yaaddaʼinaa.+ 32 Sababiin isaas, wantoonni kun hundi wantoota saboonni argachuuf baayʼee hawwani dha. Abbaan keessan inni samii wantoonni kun hundi akka isin barbaachisan beeka.

33 “Egaa, hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa; wantoonni kun hundis isiniif ni dabalamu.+ 34 Kanaafuu, matumaa waaʼee boruutiif+ hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas, guyyaan boruu yaaddoo mataa isaa qaba. Guyyaan hundi rakkina mataa isaa gaʼaa taʼe qaba.

7 “Akka isinitti hin murteeffamneef warra kaanitti murteessuu dhiisaa;+ 2 sababiin isaas, murtiin namoota irratti murteessitan isin irratti ni murteeffama;+ safartuu isin itti safartanitti isiniif ni safaru.+ 3 Maarree, jirma ija kee keessa jiru arguu dhiistee, huuba ija obboleessa kee keessa jiru maaliif ilaalta?+ 4 Yookiin utuu jirmi ija kee keessa jiruu akkamitti obboleessa keetiin, ‘Huuba ija kee keessa jiru siifan baasa’ jetta? 5 Fakkeessituu nana! Dura jirma ija kee keessa jiru baafadhu; sana booda huuba ija obboleessa kee keessa jiru baasuuf sirriitti ilaaluu dandeessa.

6 “Wanta qulqulluu sarootaaf hin kenninaa, callee* keessanis booyyee duratti hin darbatinaa;+ akkana yoo gootan isaan miila isaaniitiin isa dhidhiitu, garagalaniis isin miidhu.

7 “Kadhachuu keessan itti fufaa, isiniif ni kennama;+ barbaaduu keessan itti fufaa, ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa, isiniif ni banama;+ 8 kan kadhatu hundi ni kennamaaf,+ kan barbaadu hundi ni argata, kan balbala rurrukutu hundis isaaf ni banama. 9 Isin keessaa namni ilmi isaa daabboo yoo isa kadhate dhagaa isaaf kennu jiraa? 10 Yookiin qurxummii yoo isa kadhate bofa ni kennaafii? 11 Kanaafuu, isin hamoota taatanii utuu jirtanii ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan inni samii immoo warra isa kadhataniif wanta gaarii+ caalchisee hin kennuu ree?+

12 “Kanaafuu, wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa.+ Wanti Seerichii fi Raajonni jedhanis kanuma.+

13 “Karra isa dhiphaadhaan ol seenaa;+ karri badiisatti geessu balʼaa dha, daandiin isaas guddaa dha; namoonni achiin seenanis baayʼee dha; 14 karri gara jireenyaatti geessu garuu dhiphaa dha, daandiin isaas qalʼoo dha; namoonni isa argatanis muraasa.+

15 “Raajota sobaa,+ keessa isaaniitti yeeyyii beelaʼe taʼanii utuu jiranii, kalʼee hoolaa uffatanii+ gara keessan dhufan irraa of eeggadhaa.+ 16 Firii isaaniitiin adda baastanii isaan beektu. Namoonni qoree irraa firii wayinii yookiin sokorruu irraa firii harbuu funaanuu dandaʼuu ree?+ 17 Haaluma wal fakkaatuun, mukti gaariin hundi firii gaarii godhata; mukti tortore hundi garuu firii gadhee godhata.+ 18 Mukti gaariin firii gadhee godhachuu hin dandaʼu; mukti tortores firii gaarii godhachuu hin dandaʼu.+ 19 Mukti firii gaarii hin godhanne hundi muramee ibiddatti gatama.+ 20 Kanaafuu, namoota sana firii isaaniitiin adda baastanii beektu.+

21 “Mootummaa samiitti kan galu, nama fedhii Abbaa koo isa samii raawwatu+ qofa malee nama, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hunda miti. 22 Guyyaa sanatti namoonni hedduun, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa,+ nuti maqaa keetiin raajii hin dubbannee? Maqaa keetiin jinniiwwan hin baasnee? Akkasumas maqaa keetiin+ dinqiiwwan hedduu hin raawwannee?’ naan jedhu. 23 Yeroo sanatti ani immoo, ‘Ani matumaa isin hin beeku! Isin warri hammina hojjettan nana, na biraa deemaa!’ isaaniin nan jedha.+

24 “Kanaafuu, namni dubbii koo kana dhagaʼee hojii irra oolchu, nama hubataa mana isaa qarsaa irratti ijaarrate fakkaata.+ 25 Bokkaan ni roobe, lolaan ni lolaʼe, bubbeen ni bubbise, manichas ni rukute; haa taʼu malee, manichi qarsaa irratti waan ijaarameef hin jigne. 26 Namni dubbii koo kana dhagaʼee hojii irra hin oolchine garuu, nama gowwaa mana isaa cirracha irratti ijaarrate fakkaata.+ 27 Bokkaan ni roobe, lolaan ni lolaʼe, bubbeen ni bubbise, manichas ni rukute,+ manichis ni jige; guutummaattis ni hurraaʼe.”

28 Yesuus yommuu wantoota kana dubbatee xumuru, namoonni hedduun sun akkaataa inni itti barsiise baayʼee dinqisiifatan;+ 29 sababiin isaas, inni akka barsiisota seeraa isaaniitti utuu hin taʼin, akka nama aangoo qabuutti isaan barsiisaa ture.+

8 Yesuus gaara sana irraa erga gad buʼee booda, namoonni hedduun isa duukaa buʼan. 2 Kunoo, namni dhukkuba nadaayiitiin* qabame tokko gara isaa dhufee erga isaaf sagadee booda, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe na fayyisuu* dandeessa” isaan jedhe.+ 3 Kanaafuu, inni harka isaa diriirsee isa qaqqabee, “Nan fedha! Fayyi!”*+ isaan jedhe. Namichis yeruma sana dhukkuba nadaayii sana irraa fayye.*+ 4 Achiis Yesuus, “Eenyutti iyyuu akka hin himne of eeggadhu;+ garuu dhaqiitii lubichatti of argisiisi;+ isaaniif ragaa akka taʼuttis akkuma Museen ajajetti kennaa dhiheessi”+ isaan jedhe.

5 Yeroo Qifirnaahomitti seenus, ajajaan dhibbaa tokko gara isaa dhufee akkana jedhee isa kadhate:+ 6 “Yaa Gooftaa, tajaajilaan koo lamshaaʼee mana ciiseera; akka malees dhiphachaa jira.” 7 Yesuusis, “Dhufeen isa fayyisa” isaan jedhe. 8 Ajajaan dhibbaa sunis akkana jedhee isaaf deebise: “Yaa Gooftaa, ati baaxii mana koo jala seenuun kee kan anaaf malu miti; jechuma tokko dubbadhu, tajaajilaan koos ni fayya. 9 Anis aangoo nama kan biraa jala kanan jiru taʼus, loltoota anaaf ajajaman qaba; isa tokkoon, ‘Deemi!’ yommuun jedhu ni deema; isa tokkoon immoo, ‘Kottu!’ yommuun jedhu ni dhufa; garbicha kootiinis, ‘Kana godhi!’ yommuun jedhu ni godha.” 10 Yesuus yommuu kana dhagaʼu, baayʼee dinqisiifatee namoota isa duukaa buʼaa jiraniin akkana jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, Israaʼel keessatti nama amantii guddaa+ akkanaa qabu tokko illee hin arganne. 11 Ani garuu isinitti nan hima, namoonni hedduun bahaa fi dhiha irraa dhufanii Mootummaa samii keessatti Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobii wajjin maaddiitti dhihaatu;+ 12 ilmaan Mootummichaa garuu dukkana ala jirutti gatamu. Achittis ni booʼu; ilkaan isaaniis ni qaru.”+ 13 Sana booda Yesuus ajajaa dhibbaa sanaan, “Dhaqi. Akkuma amantii keetii siif haa taʼu”+ jedhe. Tajaajilaan sunis saʼaatii sanatti ni fayye.+

14 Yesuus gara mana Pheexiros yommuu dhufu, amaatiin+ Pheexiros dhukkuba dhaqna gubaatiin qabamtee utuu ciistuu arge.+ 15 Innis harka ishii yommuu qaqqabu+ dhaqna gubaan sun ishii gadhiise; ishiinis kaatee isa tajaajiluu jalqabde. 16 Erga dhihee boodas, namoonni warra jinniidhaan qabaman hedduu gara isaatti fidan; innis jechuma tokkoon hafuurota sana isaan keessaa baase; namoota dhukkubaan dhiphachaa turan hundas ni fayyise; 17 kanas kan godhe wanti karaa Isaayyaas raajichaa, “Inni dhukkuba keenya nu irraa fuudhe; dhibee keenyas ni baate”+ jedhamee dubbatame akka raawwatamuufi.

18 Yesuus namoonni hedduun naannoo isaa akka jiran yommuu argu, barattoonni isaa gamatti akka ceʼan ajaje.+ 19 Barsiisaan seeraa tokko gara isaa dhufee, “Yaa Barsiisaa, bakka ati dhaqxu hundumaatti si duukaa nan buʼa”+ isaan jedhe. 20 Yesuus garuu, “Jeedaloonni boolla qabu; simbirroonni samiis manʼee qabu; Ilmi namaa garuu bakka mataa isaa itti hirkifatu illee hin qabu”+ isaan jedhe. 21 Achiis barattoota isaa keessaa inni kan biraan gara isaa dhufee, “Yaa Gooftaa, jalqaba dhaqee abbaa koo akkan awwaalladhu anaaf heyyami”+ isaan jedhe. 22 Yesuusis, “Ati na duukaa buʼuu kee itti fufi; warri duʼan, duʼaa isaanii haa awwaallatan”+ isaan jedhe.

23 Sana booda Yesuusii fi barattoonni isaa bidiruu yaabbatanii deeman.+ 24 Yeroo kanatti obomboleettii cimaan tokko galaanicha irratti waan kaʼeef, bishaanichi bidirichatti namʼuu jalqabe; Yesuus garuu rafee ture.+ 25 Isaanis gara isaa dhaqanii erga isa dammaqsanii booda, “Yaa Gooftaa, dhumuuf jenna, nu oolchi!” isaan jedhan. 26 Inni garuu, “Isin warri amantii xinnoo qabdan nana, maaliif akkana sodaattan?”*+ isaaniin jedhe. Achiis kaʼee bubbee sanaa fi galaanicha ifate; tasgabbii guddaanis ni taʼe.+ 27 Kanaafuu, namoonni sun baayʼee dinqisiifatanii, “Kun nama akkamii ti? Bubbee fi galaanni illee isaaf ajajamu” jedhan.

28 Galaanicha gamatti ceʼee naannoo Gadaareensi yommuu gaʼu, namoonni jinniidhaan qabaman lama awwaala* gidduudhaa baʼanii isatti dhufan.+ Isaan baayʼee waan nama sodaachisaniif, eenyu iyyuu onnatee karaa sana irra hin darbu ture. 29 Isaanis, “Yaa Ilma Waaqayyoo, nuyii fi ati maal wal irraa qabna?+ Yeroon murteeffame sun utuu hin gaʼin nu dhiphisuuf+ dhuftee?” jedhanii iyyan.+ 30 Xinnoo isaan irraa fagaatee, hoomaan booyyee tokko ni dheeda ture.+ 31 Jinniiwwan sunis, “Kan nu baastu yoo taʼe, gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi” jedhanii isa kadhachuu jalqaban.+ 32 Innis, “Dhaqaa!” isaaniin jedhe. Isaanis baʼanii booyyota sanatti seenan; yeroo kanatti guutummaan hoomaa booyyee sanaa qarqara hallayyaa irraa didichanii galaanicha keessa lixanii dhuman. 33 Tiksitoonni sun garuu baqatanii gara magaalattii dhaquudhaan wanta namoota jinniidhaan qabaman sana irratti taʼe dabalatee wanta hundumaa odeessan. 34 Yeroo kanatti namoonni magaalattii hundi Yesuusiin argachuuf baʼan; yommuu isa arganis biyya isaanii gadhiisee akka deemu cimsanii isa kadhatan.+

9 Kanaafuu, Yesuus bidiruu yaabbatee galaanicha gamatti ceʼuudhaan gara magaalaa isaa*+ dhaqe. 2 Yeroo kanatti isaan nama lamshaaʼee siree irra ciise tokko gara isaatti fidan. Yesuus amantii namoota kanaa ilaalee, namicha lamshaaʼe sanaan, “Jabaadhu ilma koo! Cubbuun kee siif dhiifameera”+ jedhe. 3 Yeroo kanatti barsiisonni seeraa tokko tokko, “Namni kun Waaqayyoon arrabsaa jira” jedhanii yaadan. 4 Yesuusis yaada isaanii hubatee akkana jedhe: “Garaa keessanitti maaliif wanta hamaa yaaddu?+ 5 ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo, ‘Kaʼiitii deemi’ jechuutu salphata?+ 6 Haa taʼu malee, Ilmi namaa lafa irratti dhiifama cubbuu gochuuf aangoo qabaachuu isaa akka hubattaniif” erga jedhee booda, namicha lamshaaʼe sanaan, “Kaʼiitii siree kee baadhuu gara mana kee deemi!”+ jedhe. 7 Namichis kaʼee gara mana isaa deeme. 8 Namoonni hedduun sunis wanta kana yommuu argan, baayʼee sodaatanii Waaqa isa namootaaf aangoo akkanaa kenneef ulfina kennan.

9 Sana booda Yesuus bakka sanaa kaʼee utuu deemaa jiruu, namicha Maatewos jedhamu tokko bakka qaraxni itti sassaabamu utuu taaʼuu argee, “Duuka buutuu koo taʼi!” isaan jedhe. Yeroo kanatti inni kaʼee isa duukaa buʼe.+ 10 Boodas, Yesuus mana Maatewositti utuu maaddiitti dhihaatee jiruu, namoonni qaraxa sassaabanii fi cubbamoonni hedduun dhufanii isaa fi barattoota isaa wajjin nyaachuu* jalqaban.+ 11 Fariisonni garuu yommuu kana argan, barattoota isaatiin, “Barsiisaan keessan maaliif warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin nyaata?”+ jedhan. 12 Yesuus wanta isaan jedhan dhagaʼee akkana jedhe: “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu.+ 13 Kanaafuu dhaqaa, ‘Ani aarsaa utuu hin taʼin gara laafinan barbaada’+ jechuun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Sababiin isaas, ani qajeelota utuu hin taʼin, cubbamoota waamuufan dhufe.”

14 Sana booda barattoonni Yohaannis gara isaa dhufanii, “Nutii fi Fariisonni kan soomnu, barattoonni kee garuu kan hin soomne maaliifi?”+ jedhanii isa gaafatan. 15 Yeroo kanatti Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Michoonni misirrichaa utuu misirrichi+ isaanii wajjin jiruu sababii itti gaddan qabuu? Garuu guyyaan misirrichi isaan irraa itti fudhatamu ni dhufa;+ isaan yeroo sana ni soomu. 16 Eenyu iyyuu uffata moofaa irratti erbee haaraa hin erbu; sababiin isaas, erbeen haaraan sun shushuntuuree uffata sana caalaatti tarsaasa.+ 17 Yookiin namoonni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqan. Akkana yoo godhan garuu, qalqallichi dhoʼee daadhichi ni dhangalaʼa; qalqalloon sunis sana booda faayidaadhaa ala taʼa. Haa taʼu malee, namoonni daadhii wayinii haaraa qalqalloo haaraatti naqu; akka kanaan lamaanuu yeroo dheeraa turu.”

18 Utuu inni wanta kana isaanitti himaa jiruu, bulchaan tokko gara isaa dhufee erga isaaf sagadee booda, “Intalli too yoona duuteetti; garuu kottuutii harka kee ishii irra kaaʼi; ishiinis deebitee jiraatti”+ isaan jedhe.

19 Kanaafuu, Yesuus kaʼee barattoota isaa wajjin namicha duukaa buʼe. 20 Yeroo kanatti dubartiin dhiigni ishii dhangalaʼuudhaan+ waggaa 12f dhiphachaa turte tokko duuba isaatiin dhuftee fiixee uffata isaa tuqxe;+ 21 ishiin garaa ishiitti, “Ani uffata isaa qofa yoon tuqe illee nan fayya” jettee yaadaa turte. 22 Yesuus of irra garagalee ishii ilaalee, “Intala too, jabaadhu! Amantiin kee si fayyiseera”+ ishiidhaan jedhe. Dubartiin sunis saʼaatii sanaa kaasee ni fayyite.+

23 Yeroo mana bulchaa sanaa gaʼus, namoota ulullee afuufanii fi namoota wacaa jiran hedduu arge;+ 24 Yesuus, “Mee gad baʼaa; intalattiin rafaa jirti+ malee hin duune” jedhe. Yeroo kanatti qoosaadhaan isatti kolfuu jalqaban. 25 Akkuma namoonni sun gad baafamaniin, gara manaatti seenee harka ishii qabe;+ intalattiinis ol kaate.+ 26 Oduun isaas guutummaa naannoo sanaatti babalʼate.

27 Yesuus achii kaʼee utuu deemaa jiruu, namoonni qaro dhabeeyyii taʼan lama,+ “Yaa Ilma Daawit, garaa nuu laafi” jedhanii iyyaa isa duukaa buʼan. 28 Mana tokko erga seenee boodas, namoonni qaro dhabeeyyiin sun gara isaa dhufan; Yesuusis, “Kana gochuu akkan dandaʼu ni amantuu?”+ jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee, yaa Gooftaa” jedhanii isaaf deebisan. 29 Achiis ija isaanii qaqqabee,+ “Akkuma amantii keessanii isiniif haa taʼu” jedhe. 30 Ijji isaaniis ni baname. Yesuusis, “Eenyu iyyuu dhimma kana akka hin beekne of eeggadhaa!”+ jedhee cimsee isaan akeekkachiise. 31 Isaan garuu erga manaa baʼanii booda, waaʼee isaa naannoo sana hundumaatti odeessan.

32 Isaan yommuu achii deemanis, jarri tokko nama arrabni isaa hidhamee fi jinniidhaan qabame+ tokko gara isaatti fidan; 33 jinniin sun erga isa keessaa baʼee booda, namichi arrabni isaa hidhame sun dubbachuu jalqabe.+ Namoonni hedduun sunis baayʼee dinqisiifatanii, “Wanti akkanaa matumaa Israaʼel keessatti mulʼatee hin beeku”+ jedhan. 34 Fariisonni garuu, “Inni jinniiwwan kan baasu, gargaarsa bulchaa jinniiwwaniitiini” jedhu turan.+

35 Yesuus, manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, misiraachoo Mootummichaa lallabaa, akkasumas dhukkuba akaakuu hundumaa fi dhibee akaakuu hundumaa fayyisaa magaalotaa fi gandeen hunda keessa naannaʼe.+ 36 Namoota hedduu sana yommuu argu, baayʼee isaaniif gadde;+ sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabneetti+ cunqurfamanii fi dagatamanii* turan. 37 Achiis barattoota isaatiin akkana jedhe: “Eeyyee, hojiin makarichaa guddaa dha, hojjettoonni garuu muraasa.+ 38 Kanaafuu, Gooftaan makarichaa, hojjettoota gara makara isaatti akka ergu kadhadhaa.”+

10 Yesuus barattoota isaa 12n waamee, hafuurota xuraaʼoo akka baasaniif isaan irratti aangoo isaaniif kenne;+ akkasumas dhukkuba akaakuu hundumaa fi dhibee akaakuu hundumaa akka fayyisaniif humna isaaniif kenne.

2 Maqaan ergamoota Yesuus 12nii kanatti fufee jira:+ Jalqaba, Simoon isa Pheexiros+ jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriyaas,+ Yaaqoob ilma Zabdewosii fi obboleessa isaa Yohaannis,+ 3 Filiphoosii fi Bartolomewos,+ Toomaasii+ fi Maatewos+ isa qaraxa sassaabu, Yaaqoob ilma Alfewoos, Taadewos, 4 Simoon isa hinaafticha, akkasumas Yihudaa Asqoroticha isa yeroo booda dabarsee isa kenne.+

5 Yesuus namoota 12n kanaaf qajeelfama akkana jedhu kennee isaan erge:+ “Daandii gara saboota kaaniitti geessu irra hin deeminaa; akkasumas magaalaa warra Samaariyaa+ kamitti iyyuu hin seeninaa; 6 kanaa mannaa, gara hoolota mana Israaʼel keessaa badanii qofa dhaqaa.+ 7 Yommuu dhaqxanis, ‘Mootummaan samii dhihaateera!’+ jedhaa lallabaa. 8 Warra dhukkubsatan fayyisaa,+ warra duʼan duʼaa kaasaa, warra dhukkuba nadaayiitiin qabaman fayyisaa, akkasumas jinniiwwan baasaa. Tola waan fudhattaniif, tola kennaa. 9 Warqii yookiin meetii yookiin sibiila diimaa sabbata keessanitti hin gudunfatinaa;+ 10 yookiin karaadhaaf korojoo nyaataa yookiin uffata lama* yookiin kophee yookiin ulee hin qabatinaa;+ sababiin isaas, namni hojjetu wanta nyaatu argachuu qaba.+

11 “Magaalaa yookiin ganda kamitti iyyuu yommuu seentan, nama isaaf malu barbaadaa; hamma bakka sanaa deemtanittis achuma turaa.+ 12 Yommuu mana tokko seentan, namoota mana sanaa nagaa gaafadhaa. 13 Manichi kan isaaf malu yoo taʼe, nagaan isaaf hawwitan isaaf haa taʼu;+ manichi kan isaaf hin malle yoo taʼe garuu, nagaan keessan isiniif haa deebiʼu. 14 Haa taʼu malee, namni tokko illee yoo isin simachuu baate yookiin dubbii keessan yoo dhagaʼuu baate, yeroo mana yookiin magaalaa sanaa baatan awwaara miila keessanii hurgufadhaa.+ 15 Dhuguman isiniin jedha, Guyyaa Murtiitti adaba magaalaa sana irra gaʼu mannaa isa Sodoomii fi Gomoraa+ irra gaʼutu salphata.

16 “Kunoo, ani akka hoolota yeeyyii gidduu jiraniitti isin nan erga; kanaafuu, akka bofaa of eeggataa, akka gugees garraamii taʼaa.+ 17 Namoota irraa of eeggadhaa; sababiin isaas, isaan mana murtiitti dabarsanii isin kennu;+ manneen sagadaa+ isaanii keessattis isin garafu.+ 18 Isaaniifis taʼe sabootaaf waaʼee koo dhugaa baʼuudhaaf,+ anaaf jettanii bulchitootaa fi mootota duratti ni dhiheeffamtu.+ 19 Haa taʼu malee, wanti dubbattan saʼaatii sanatti waan isinii kennamuuf, yeroo dabarsanii isin kennan akkamitti dubbanna yookiin maal dubbanna jettanii hin yaaddaʼinaa.+ 20 Hafuura Abbaa keessaniitu karaa keessan dubbata malee, kan dubbatu isin qofa miti.+ 21 Kana malees, obboleessi obboleessa isaa, abbaan mucaa isaa duʼaaf dabarsee ni kenna; ijoolleenis warra isaanii irratti kaʼanii isaan ajjeesisu.+ 22 Maqaa kootiin kan kaʼe nama hundumaa biratti ni jibbamtu;+ namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu garuu ni fayya.+ 23 Magaalaa tokko keessatti yommuu ariʼatama isin irra geessisan, gara magaalaa isa kan biraatti baqadhaa;+ dhuguman isiniin jedha, hanga Ilmi namaa dhufutti matumaa magaalotaa fi gandeen Israaʼel waliin hin geessan.

24 “Barataan barsiisaa isaa irra, garbichis gooftaa isaa irra hin caalu.+ 25 Barataan akka barsiisaa isaa, garbichis akka gooftaa isaa+ yoo taʼe gaʼaa dha. Namoonni gooftaa manichaatiin Biʼeelzebul*+ yoo jedhan, miseensota maatii isaatiin immoo kana caalaa hin jedhanii? 26 Kanaafuu, isaan hin sodaatinaa; sababiin isaas, wanti haguugamee utuu hin mulʼifamin, wanti iccitii taʼee utuu hin beekamin hafu hin jiru.+ 27 Wanta ani dukkana keessatti isinitti hime ifa keessatti dubbadhaa; wanta hasaasaan dhageessanis baaxii manaa irraa lallabaa.+ 28 Warra foon ajjeesuu malee lubbuu* ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa;+ kanaa mannaa, isa lubbuus taʼe foon Gahaannam* keessatti balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.+ 29 Dimbiixiiwwan lama saantima gatii xinnoo qabdu* tokkoon gurguramu mitii? Taʼus, isaan keessaa ishiin tokko illee utuu Abbaan keessan hin beekin lafa irra hin buutu.+ 30 Isin garuu rifeensi mataa keessanii hundi iyyuu lakkaaʼameera. 31 Egaa hin sodaatinaa; isin dimbiixiiwwan hedduu caalaa gatii guddaa qabdu.+

32 “Kanaafuu, nama namoota duratti dhugaa anaaf baʼu+ hundumaatiif, anis Abbaa koo isa samii duratti dhugaa isaaf nan baʼa.+ 33 Nama namoota duratti na ganu kam iyyuu garuu, anis Abbaa koo isa samii duratti nan gana.+ 34 Lafa irratti nagaa fiduuf kanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani goraadee fiduuf malee nagaa fiduuf hin dhufne.+ 35 Ani, ilma abbaa isaa irraa, intala haadha ishii irraa, akkasumas haadha manaa ilmaa amaatii ishii irraa gargar baasuufan+ dhufe. 36 Dhuguma iyyuu, namni tokko miseensonni maatii isaa diinota isatti taʼu. 37 Namni ana caalaa abbaa yookiin haadha isaa jaallatu kam iyyuu anaaf hin malu; namni ana caalaa ilma yookiin intala isaa jaallatu kam iyyuus anaaf hin malu.+ 38 Namni muka dhiphinaa* isaa baatee ana duukaa hin buune kam iyyuu anaaf hin malu.+ 39 Namni lubbuu isaa oolfachuuf yaalu kam iyyuu, lubbuu isaa ni dhaba; namni anaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu garuu, lubbuu isaa deebisee ni argata.+

40 “Namni isin simatu kam iyyuu anaanis ni simata; namni anaan simatu kam iyyuu immoo isa ana erge sana simata.+ 41 Namni, raajii tokko raajii taʼuu isaatiin simatu kam iyyuu gatii raajii ni argata;+ namni nama qajeelaa tokko qajeelaa taʼuu isaatiin simatu kam iyyuus gatii nama qajeelaa ni argata. 42 Dhuguman isinitti hima, namni warra xixinnoo taʼan kana keessaa sababii inni barataa koo taʼeef bishaan qabbanaaʼaa kubbaayyaa tokko isaaf kennu kam iyyuu, matumaa gatii isaa hin dhabu.”+

11 Yesuus barattoota isaa 12niif qajeelfama kennee erga xumuree booda, magaalota kan birootti barsiisuu fi lallabuuf bakka sanaa ni deeme.+

2 Haa taʼu malee, Yohaannis mana hidhaa utuu jiruu+ waaʼee hojiiwwan Kiristoos yommuu dhagaʼu barattoota isaa ergee,+ 3 “Ati Isa Dhufuuf Jiru sana moo kan biraa eegnu?”+ jedhee isa gaafate. 4 Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Dhaqaatii wanta dhagaʼaa jirtanii fi argaa jirtan Yohaannisitti himaa:+ 5 Warri qaro dhabeeyyiin argaa jiru,+ warri naafatan deemaa jiru, warri dhukkuba nadaayiitiin qabaman+ fayyaa jiru, warri gurri isaanii duude dhagaʼaa jiru, warri duʼan duʼaa kaafamaa jiru; hiyyeeyyiidhaafis misiraachoon lallabamaa jira.+ 6 Namni anatti hin gufanne gammadaa dha.”+

7 Barattoonni Yohaannis erga achii deemanii booda, Yesuus namoota hedduu achi jiranitti waaʼee Yohaannis akkana jedhee dubbachuu jalqabe: “Gara lafa onaa maal ilaaluuf dhaqxan?+ Shomboqqoo qilleensi raasuu?+ 8 Maarree maal ilaaluuf dhaqxan? Nama uffata baʼeessa uffatee? Namoonni uffata baʼeessa uffatanoo mana moototaa keessa jiru. 9 Maarree maaliif achi dhaqxan? Raajii ilaaluufii? Eeyyee, ani isinitti nan hima, inni raajii irra iyyuu kan caalu dha.+ 10 Inni isa waaʼeen isaa, ‘Kunoo, ani ergamaa koo si dura* nan erga, inni si dura buʼee karaa siif ni qopheessa!’+ jedhamee barreeffame sana dha. 11 Dhuguman isinitti hima, namoota dubartii irraa dhalatan keessaa Yohaannis Cuuphaa irra kan caalu tokko illee hin kaane; namni Mootummaa samii keessatti hundumaa irra xinnaa taʼe garuu isa ni caala.+ 12 Bara Yohaannis Cuuphaatii jalqabee hanga ammaatti, Mootummaan samii galma namoonni irra gaʼuuf carraaqqii cimaa godhan taʼeera; warri carraaqqii cimaa gochuu isaanii itti fufanis isa ni argatu.+ 13 Sababiin isaas, raajonnis taʼan Seerichi hanga Yohaannisitti wanta taʼuuf jiru raajii dubbataniiru;+ 14 egaa fudhattanis fudhachuu baattanis, inni ‘Eeliyaas isa ni dhufa’+ jedhame sana dha. 15 Namni gurra qabu haa dhagaʼu.

16 “Dhaloota kana eenyuu wajjinan wal fakkeessa?+ Ijoollee bakka gabaa taaʼanii hiriyoota isaanii waamuudhaan akkana jedhanii wajjin wal fakkaata: 17 ‘Ulullee isiniif afuufne, isin garuu hin sirbine; wayyoo wayyoo jenne, isin garuu gaddaan qoma keessan hin rurrukunne.’ 18 Haaluma wal fakkaatuun, Yohaannis utuu hin nyaatinii fi utuu hin dhugin dhufe; namoonni garuu, ‘Jinniitu isa keessa jira’ jedhan. 19 Ilmi namaa immoo nyaachaa fi dhugaa+ dhufe; namoonni garuu, ‘Kunoo, nama albaadhessaa fi nama wayiniidhaaf bule, michuu warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa’+ jedhan. Kanas taʼe sana, ogummaan qajeelaa taʼuun ishii hojii ishiitiin* mirkanaaʼeera.”+

20 Sana booda, magaalonni dinqiiwwan isaa hedduun keessatti raawwataman yaada waan hin geddaranneef isaan balaaleffachuu jalqabe: 21 “Yaa Koraazin, siif wayyoo! Yaa Beetasaayidaa, siif wayyoo! Dinqiiwwan guguddaan isin keessatti raawwataman utuu Xiirosii fi Siidoon keessatti raawwatamaniiru taʼee, isaan silaa yeroo dheeraa dura uffata gaddaa uffatanii fi daaraa keessa taaʼanii yaada geddaratu turan.+ 22 Ani garuu isinitti nan hima, Guyyaa Murtiitti adaba isin irra gaʼu mannaa, isa Xiirosii fi Siidoon irra gaʼutu salphata.+ 23 Atis yaa Qifirnaahom,+ gara samiitti kan ol kaatu sitti fakkaataa? Gara Awwaalaatti* gad ni buuta;+ sababiin isaas, dinqiiwwan guguddaan si keessatti raawwataman utuu Sodoom keessatti raawwatamaniiru taʼee, silaa magaalattiin hanga guyyaa harʼaatti ni jiraatti turte. 24 Ani garuu isinitti nan hima, Guyyaa Murtiitti adaba si irra gaʼu mannaa isa biyya Sodoom irra gaʼutu salphata.”+

25 Yeroo kanatti Yesuus akkana jedhe: “Gooftaa samii fi lafaa kan taate yaa Abbaa, wantoota kana ogeeyyii fi beektota jalaa dhoksitee daaʼimmanitti waan mulʼifteef+ uummata duratti sin jajadha. 26 Eeyyee, yaa Abbaa, kun fedhii kee ti. 27 Abbaan koo wanta hunda anaaf kenneera;+ Abbaa malee guutummaatti Ilma kan beeku tokko illee hin jiru;+ akkasumas Ilmaa fi nama Ilmi isatti mulʼisuu barbaadu qofa malee, guutummaatti Abbaa kan beeku tokko illee hin jiru.+ 28 Isin warri dadhabdanii fi baʼaan isinitti ulfaate hundi gara koo kottaa, ani boqonnaa isiniif nan kenna. 29 Waanjoo koo baadhaa, ana irraas baradhaa; sababiin isaas, ani garraamii fi kanan gad of qabu*+ dha; ofii keessaniifis* boqonnaa ni argattu. 30 Waanjoon koo nama hin quuqu,* baʼaan koos salphaa dha.”

12 Yeroo sanatti Yesuus guyyaa Sanbataatti maasii midhaanii keessa darbaa ture. Barattoonni isaa waan beelaʼaniif asheeta ciratanii nyaachuu jalqaban.+ 2 Fariisonni kana yeroo argan, “Ilaa, barattoonni kee wanta guyyaa Sanbataatti+ seeraan dhorkame gochaa jiru” isaan jedhan. 3 Innis akkana isaaniin jedhe: “Daawit, innii fi namoonni isaa wajjin turan yeroo beelaʼanitti maal akka godhe hin dubbisnee?+ 4 Inni mana Waaqayyoo keessa hin seennee? Akkasumas innii fi namoonni isaa daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu*+ isa luboota qofa+ malee, innis taʼe namoonni isaa wajjin turan nyaachuun isaaniif hin heyyamamne nyaatanii turan mitii? 5 Yookiin luboonni guyyaa Sanbataatti mana qulqullummaa keessatti Seera Sanbataa kan cabsan taʼus yakkamtoota akka hin taane Seericha keessatti hin dubbisnee?+ 6 Ani garuu isinitti nan hima, mana qulqullummaa irra kan caalu as jira.+ 7 Haa taʼu malee, ‘Ani aarsaa utuu hin taʼin gara laafinan+ barbaada’+ inni jedhu, maal jechuu akka taʼe utuu hubattaniittu taʼee namoota balleessaa hin qabne hin balaaleffattan turtan. 8 Sababiin isaas, Ilmi namaa Gooftaa Sanbataa ti.”+

9 Yesuus bakka sanaa deemee mana sagadaa isaanii keessa seene; 10 kunoo, namni harki isaa lamshaaʼe tokko achi jira ture!+ Kanaafuu, isaan wanta ittiin isa himatan argachuuf, “Guyyaa Sanbataatti fayyisuun seeraan heyyamameeraa?” jedhanii isa gaafatan.+ 11 Innis akkana isaaniin jedhe: “Hoolaa tokko yoo qabaattanii fi hoolaan keessan sun guyyaa Sanbataatti boolla keessa yoo buute, isin keessaa namni harkisee achi keessaa hin baasne jiraa?+ 12 Maarree namni hoolaa caalaa gatii guddaa hin qabuu? Kanaafuu, guyyaa Sanbataatti wanta gaarii gochuun seeraan heyyamameera.” 13 Achiis namichaan, “Harka kee diriirsi” jedhe. Namichis harka isaa diriirse; harki isaa sunis deebiʼee fayyee akkuma harka isaa isa tokkoo taʼe. 14 Fariisonni garuu gad baʼanii isa ajjeesuuf mariʼatan. 15 Yesuusis kana hubatee, iddoo sanaa deeme. Namoonni hedduunis kan isa duukaa buʼan+ yeroo taʼu, innis hunda isaanii ni fayyise; 16 haa taʼu malee, inni eenyummaa isaa akka hin beeksisne cimsee isaan ajaje;+ 17 kanas kan godhe, wanta karaa Isaayyaas raajichaa akkana jedhamee dubbatame raawwachuufi:

18 “Ilaa, tajaajilaan koo+ inni ani filadhe, inni ani jaalladhu, inni ani* itti gammadu+ isa kana! Ani hafuura koo isa irra nan kaaʼa;+ innis haqni maal akka taʼe sabootaaf ifa godha. 19 Inni hin falmu+ yookiin hin caraanu* yookiin eenyu iyyuu daandii guguddaa irratti sagalee isaa hin dhagaʼu. 20 Inni hanga guutummaatti haqa fidutti, shomboqqoo buruqfame hin cabsu, foʼaa ibsaa aarus hin dhaamsu.+ 21 Eeyyee, saboonni maqaa isaatiin abdii qabaatu.”+

22 Achiis nama jinniidhaan qabame, qaro dhabeessa taʼee fi arrabni isaa hidhame tokko gara isaa fidan, innis isa fayyise; namichi arrabni isaa hidhame sunis dubbachuu fi ilaaluu dandaʼe. 23 Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun achi jiran hundi dinqisiifatanii, “Namni kun tarii Ilma Daawit taʼinnaa laata?” jedhan. 24 Fariisonni garuu yommuu kana dhagaʼan, “Namni kun bulchaa jinniiwwanii Biʼeelzebuliin* yoo taʼe malee, jinniiwwan hin baasu”+ jedhan. 25 Yesuusis yaada isaanii kana beekee akkana isaaniin jedhe: “Mootummaan wal qoqqoodu hundi ni bada; magaalaan yookiin manni wal qoqqoodu hundis jabaatee hin dhaabbatu. 26 Haaluma wal fakkaatuun, Seexanni Seexana kan baasu yoo taʼe, wal qoqqoodeera jechuu dha; maarree mootummaan isaa akkamitti jabaatee dhaabbataa? 27 Kana malees, ani jinniiwwan kanan baasu Biʼeelzebuliin yoo taʼe, ilmaan* keessan hoo humna eenyuutiin isaan baasu? Isaan kan isinitti murteessan kanaafi. 28 Ani jinniiwwan kanan baasu hafuura Waaqayyootiin yoo taʼe garuu, Mootummaan Waaqayyoo utuu isin hin beekin isinitti dhufeera jechuu dha.+ 29 Yookiin namni tokko, nama humna guddaa qabu tokko jalqaba utuu hin hidhin akkamitti mana isaa seenee qabeenya isaa saamuu dandaʼa? Mana isaa saamuu kan dandaʼu akkana yoo godhe qofa dha. 30 Namni na cinaa hin dhaabbanne hundi na morma; namni anaa wajjin walitti hin qabne hundi ni bittinneessa.+

31 “Kanaafuu, ani isinitti nan hima, cubbuun namoonni hojjetanii fi arrabsoon isaan dubbatan hundi isaaniif ni dhiifama; namni hafuura qulqulluu arrabsu garuu dhiifama hin argatu.+ 32 Fakkeenyaaf, namni Ilma namaa irratti dubbii hamaa dubbatu kam iyyuu dhiifama ni argata;+ namni hafuura qulqulluu irratti dubbii hamaa dubbatu kam iyyuu garuu sirna* kana keessattis taʼe, isa dhufu keessatti dhiifama hin argatu.+

33 “Mukti tokko firii isaatiin waan beekamuuf,+ muka gaarii yoo dhaabdan firii gaarii argattu, muka tortore yoo dhaabdan immoo firii tortore argattu. 34 Isin yaa ijoollee buutii nana,+ hamoota taatanii utuu jirtanii akkamitti wanta gaarii dubbachuu dandeessu? Afaan wanta garaa keessa guute dubbata.+ 35 Namni gaariin wanta gaarii kuufate keessaa wantoota gaggaarii gad baasa; namni hamaanis wanta hamaa kuufate keessaa wanta hamaa gad baasa.+ 36 Ani isinitti nan hima, namoonni dubbii gatii hin qabne dubbatan hundumaatiif Guyyaa Murtiitti itti gaafatamu;+ 37 sababiin isaas, dubbii keetiin qajeelaa jedhamta; akkasumas dubbii keetiin sitti murteeffama.”

38 Achiis barsiisonni seeraa fi Fariisonni tokko tokko deebisanii, “Yaa Barsiisaa, mallattoo akka nutti argisiistu barbaanna”+ isaan jedhan. 39 Innis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Dhaloonni hamaanii fi ejjaa taʼe* yeroo hunda mallattoo barbaada; taʼus mallattoo Yoonaas raajichaa malee mallattoo kan biraan isaaf hin kennamu.+ 40 Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ture,+ Ilmi namaas garaa lafaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ni tura.+ 41 Namoonni Nanawwee lallaba Yoonaas dhagaʼanii yaada waan geddarataniif,+ yeroo murtiitti dhaloota kanaa wajjin kaʼanii itti murteessu. Haa taʼu malee, kunoo, Yoonaas irra kan caalu as jira.+ 42 Mootuun kibbaa ogummaa Solomoon dhagaʼuuf andaara lafaatii kaatee waan dhufteef,+ yeroo murtiitti dhaloota kanaa wajjin kaatee itti murteessiti. Haa taʼu malee, kunoo, Solomoon irra kan caalu as jira.+

43 “Hafuurri xuraaʼaan nama tokko keessaa yommuu baʼu, bakka boqotu barbaacha lafa bishaan hin qabne keessa joora; garuu iddoo boqotu hin argatu.+ 44 Achiis, ‘Gara mana koo isan keessaa baʼetti nan deebiʼa’ jedha; yommuu deebiʼee dhufus manichi duwwaa, haramee kan qulqullaaʼee fi miidhagaa taʼee argata. 45 Sana booda, dhaqee hafuurota isa caalaa hamoo taʼan kan biroo torba fudhatee dhufa, isaanis itti galanii achi jiraatu; haalli namicha sanaa inni gara boodaa isa duraa caalaa hammaata.+ Dhaloota hamaa kana irras waanuma akkanaatu gaʼa.”

46 Utuma inni namoota hedduu sanatti dubbachaa jiruu, haati isaa fi obboloonni isaa+ isa haasofsiisuu barbaadanii ala dhaabbatu turan.+ 47 Kanaafuu, namni tokko, “Kunoo, haati tee fi obboloonni kee si haasofsiisuu barbaadanii ala dhaabbatanii jiru” isaan jedhe. 48 Yesuus deebisee namicha isatti hime sanaan, “Haati tiyya eenyu? Obboloonni koo hoo eenyu faʼi?” jedhe. 49 Achiis harka isaa gara barattoota isaatti diriirsee akkana jedhe: “Kunoo, haati tiyyaa fi obboloonni koo warra kana!+ 50 Namni fedhii Abbaa koo isa samii raawwatu hundi, obboleessa, obboleettii fi haadha koo ti.”+

13 Guyyaa sanatti Yesuus manicha keessaa baʼee qarqara galaanaa taaʼe. 2 Haa taʼu malee, namoonni hedduun isa biratti waan walitti qabamaniif, bidiruu tokko yaabbatee taaʼe; namoonni sun hundis qarqara galaanichaa dhaabbatanii turan.+ 3 Achiis akkana jedhee fakkeenyaan+ wanta hedduu isaan barsiisuu jalqabe: “Kunoo, namni sanyii facaasu tokko sanyii facaasuu dhaqe.+ 4 Utuma inni facaasaa jiruus sanyiiwwan tokko tokko karaa qarqara buʼan; simbirroonnis dhufanii isaan funaannatan.+ 5 Kaan immoo lafa dhagaa taʼee fi biyyoo hedduu hin qabne irra buʼan; biyyoon sun gad fageenya waan hin qabneef dafanii biqilan.+ 6 Haa taʼu malee, hidda waan hin qabneef, yeroo aduun baatu waxalamanii gogan. 7 Warri kaan immoo qoree gidduu buʼan; qoreen sunis guddatee isaan hudhe.+ 8 Kaan garuu biyyoo gaarii irra buʼanii firii godhachuu jalqaban; inni tokko dachaa 100, inni tokko dachaa 60, inni tokko immoo dachaa 30 godhate.+ 9 Namni gurra qabu haa dhagaʼu.”+

10 Yeroo kanatti barattoonni isaa gara isaa dhufanii, “Maaliif fakkeenyaan isaanitti dubbatta?”+ isaan jedhan. 11 Innis deebisee akkana jedhe: “Iccitii qulqulluu+ Mootummaa samii hubachuun isiniif kennameera; isaaniif garuu hin kennamne. 12 Isa qabu kamiif iyyuu dabalataan ni kennama; innis irraa hafaa qabaata; isa hin qabne irraa garuu wanti inni qabu iyyuu ni fudhatama.+ 13 Isaan ni ilaalu, garuu hin argan; ni dhagaʼu, garuu akkasumaan dhagaʼu malee ergaa isaa hin hubatan;+ ani fakkeenyaan kanan isaanitti dubbadhu kanaafi. 14 Kanaafuu, raajiin Isaayyaas akkana jedhee dubbate isaan irratti raawwatamaa jira: ‘Isin dhagaʼuu ni dhageessu, garuu matumaa ergaa isaa hin hubattan; ilaaluu ni ilaaltu, garuu matumaa hin argitan.+ 15 Ija isaaniitiin arganii, gurra isaaniitiin dhagaʼanii, garaa isaaniitti ergaa isaa hubatanii akka hin deebinee fi anis akkan isaan hin fayyisneef, garaan saba kanaa didaa taʼeera; gurri isaanii ni dhagaʼa, garuu deebii hin kennan; ija isaaniis dunuunfataniiru.’+

16 “Isin garuu wantoota kana waan argitanii fi waan dhageessaniif gammadoo dha.+ 17 Dhuguman isiniin jedha, raajonnii fi namoonni qajeeloo taʼan hedduun wantoota isin argaa jirtan kana arguuf kan hawwan taʼus hin argine;+ wantoota isin dhagaʼaa jirtan kana dhagaʼuuf kan hawwan taʼus hin dhageenye.

18 “Mee hiika fakkeenya namicha sanyii facaase+ sanaa dhagaʼaa. 19 Namni tokko dubbii Mootummichaa dhagaʼee ergaa isaa hin hubatu yoo taʼe, inni hamaan+ sun dhufee wanta garaa namichaa keessatti facaafame sana butata; sanyiin karaa qarqaratti facaafame sun isa kana.+ 20 Inni lafa dhagaa irratti facaafame immoo, isa dubbicha dhagaʼee yeruma sana gammachuudhaan fudhatu dha.+ 21 Taʼus, dubbichi isa keessatti hidda waan hin godhanneef yeroo muraasaaf qofa tura; sababii dubbichaatiin yommuu rakkinni yookiin ariʼatamni isa irra gaʼu yeruma sana ni gufata. 22 Inni qoree gidduutti facaafames isa dubbicha dhagaʼu dha; haa taʼu malee, yaaddoon sirna* kanaa+ fi humni qabeenyi gowwoomsuuf qabu dubbicha ni hudha; innis firii kan hin godhanne taʼa.+ 23 Inni biyyoo gaarii irratti facaafame immoo isa dubbicha dhagaʼee ergaa isaa hubatu dha; inni dhugumaan firii ni godhata, inni tokko dachaa 100, inni tokko dachaa 60, inni tokko immoo dachaa 30 godhata.”+

24 Yesuus akkana jedhee fakkeenya kan biraa isaanitti hime: “Mootummaan samii nama maasii isaa irratti sanyii gaarii facaasee wajjin wal fakkaata. 25 Yeroo namoonni rafanitti diinni isaa dhufee qamadii facaafame sana gidduutti inkirdaada facaasee deeme. 26 Qamadichi guddatee yommuu firii godhatu, inkirdaadni sunis ni mulʼate. 27 Kanaafuu, garboonni gooftaa manichaa gara isaa dhufanii, ‘Yaa gooftaa, maasii kee keessatti sanyii gaarii facaastee hin turree? Inkirdaadni eessaa dhufe ree?’ isaan jedhan. 28 Innis, ‘Nama diina taʼe tokkotu kana godhe’+ isaaniin jedhe. Garboonni sunis, ‘Maarree, dhaqnee inkirdaadicha akka buqqisnu ni barbaaddaa?’ jedhaniin. 29 Innis akkana jedhe: ‘Lakki, yommuu inkirdaadicha buqqistan, qamadii sanas wajjin buqqistu jedheen sodaadha. 30 Hanga yeroo makaraatti lamaanuu waliin haa guddatan; yeroo makarri gaʼu, namoota midhaan haamaniin akkana nan jedha: Jalqaba inkirdaadichi akka gubamuuf walitti qabaatii bissii* bissiidhaan hidhaa; sana boodas qamadicha gootaraa kootti galchaa.’”+

31 Ammas akkana jedhee fakkeenya kan biraa isaanitti hime: “Mootummaan samii firii sanaaficaa namni tokko fuudhee maasii isaa keessa dhaabee wajjin wal fakkaata.+ 32 Firiin sanaaficaa sanyii hunda keessaa xinnoo yoo taʼe iyyuu, yeroo guddatu garuu kuduraawwan hunda caalee muka waan taʼuuf, simbirroonni samii dhufanii damee isaa irra buufatu.”

33 Ammas akkana jedhee fakkeenya kan biraa isaanitti hime: “Mootummaan samii raacitii dubartiin takka fuutee hamma guutummaan bukoo sanaa bukaaʼutti daakuu safartuu guguddaa sadiitti maktee wajjin wal fakkaata.”+

34 Yesuus wantoota kana hunda fakkeenyaan namoota sanatti dubbate. Eeyyee, fakkeenyaan malee isaanitti hin dubbatu ture;+ 35 kanas kan godhe wanta karaa raajichaa, “Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha; wantoota jalqabumaa* kaasee dhokfaman nan labsa”+ jedhamee dubbatame raawwachuufi.

36 Achiis namoota sana erga geggeessee booda gara manaatti seene. Barattoonni isaa gara isaa dhufanii, “Fakkeenya inkirdaada maasii keessa jiru ilaalchisee dubbatte sana nuuf ibsi” jedhan. 37 Innis deebisee akkana jedhe: “Namni sanyii gaarii facaase Ilma namaa ti; 38 maasichi addunyaa dha.+ Sanyii gaariin sun ilmaan Mootummichaa ti; inkirdaadichi garuu ilmaan isa hamaa+ sanaa ti; 39 diinni inkirdaadicha facaase Diyaabilosi. Yeroon makaraa, dhuma sirna* kanaa ti; warri haaman immoo maleekota dha. 40 Kanaafuu, akkuma inkirdaadichi walitti qabamee ibiddaan gubamu, dhuma sirna* kanaattis akkanuma ni taʼa.+ 41 Ilmi namaa maleekota isaa ni erga; isaanis wantoota gufachiisan hundumaa fi namoota jalʼina raawwatan Mootummaa isaa keessaa ni funaanu; 42 sana booda iddoo ibiddaa keessatti+ isaan gatu. Achittis ni booʼu, ilkaan isaaniis ni qaru. 43 Yeroo sanatti qajeelonni Mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka aduu ni ifu.+ Namni gurra qabu haa dhagaʼu.

44 “Mootummaan samii qabeenya guddaa maasii keessa dhokfamee wajjin wal fakkaata; namni tokko qabeenya kana argatee dhokse; gammaduu isaa irraa kan kaʼes wanta qabu hunda gurguree maasicha bitate.+

45 “Kana malees, Mootummaan samii daldalaa calleewwan* baʼeessa taʼan barbaacha deemuu wajjin wal fakkaata. 46 Namichis callee gatii guddaa qabu tokko yommuu argatu yeruma sana deemee wanta qabu hundumaa gurguree callee sana bitate.+

47 “Kana malees Mootummaan samii saaphana galaanatti darbatamee qurxummii akaakuu hundumaa walitti qabee wajjin wal fakkaata. 48 Saaphanni sun yommuu guutu, harkisanii gara qarqara galaanichaatti baasan; achiis taaʼanii qurxummii isa gaggaarii+ qodaatti naqan; isa gatii hin qabne+ garuu ni gatan. 49 Dhuma sirna* kanaattis akkanuma ni taʼa. Maleekonni dhaqanii hamoota qajeelota irraa gargar baasu; 50 achiis iddoo ibiddaa keessatti isaan gatu. Achittis ni booʼu, ilkaan isaaniis ni qaru.”

51 Sana booda Yesuus, “Ergaa wantoota kanaa hunda hubattaniittuu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee” jedhanii isaaf deebisan. 52 Innis, “Barsiisaan sabaa inni waaʼee Mootummaa samii barate hundi, gooftaa manaa mana kuusaa isaa keessaa miʼa haaraa fi miʼa moofaa gad baasuu wajjin wal fakkaata” isaaniin jedhe.

53 Yesuus fakkeenyota kana dubbatee yeroo xumuru bakka sanaa ni deeme. 54 Gara naannoo dhalootaa isaa+ erga dhufee booda, mana sagadaa isaanii keessatti isaan barsiisuu jalqabe; isaanis dinqisiifatanii akkana jedhan: “Namni kun ogummaa fi dandeettii dinqiiwwan kana hojjechuuf isa gargaaru eessaa argate?+ 55 Kun ilma anaaxichaa mitii?+ Haati isaa Maariyaam jedhamti mitii? Obboloonni isaas Yaaqoob, Yoseef, Simoonii fi Yihudaa+ jedhamu mitii? 56 Obboleettonni isaa hundis nuu wajjin jiru mitii? Maarree wanta kana hunda eessaa argate?”+ 57 Kanaafuu, isatti ni gufatan.+ Yesuus garuu, “Raajiin tokko biyya isaa fi mana isaatiin alatti bakka biraatti ulfina ni argata”+ isaaniin jedhe. 58 Isaan amantii waan dhabaniif, inni achitti dinqii hedduu hin hojjenne.

14 Yeroo sana Heroodis bulchaan koonyaa,* waaʼee Yesuus dhagaʼee,+ 2 tajaajiltoota isaatiin, “Kun Yohaannis Cuuphaa dha. Inni duʼaa kaʼeera; dinqiiwwan kana hojjechaa kan jiru kanaafi”+ jedhe. 3 Heroodis* sababii Heroodiyaas haadha manaa obboleessa isaa Filiphoosiin kan kaʼe, Yohaannisiin qabee hidhuudhaan mana hidhaa galchee ture.+ 4 Sababiin isaas, Yohaannis, “Ati ishii akka fuutu seerri siif hin heyyamu”+ isaan jedha ture. 5 Kanaafuu, Heroodis isa ajjeesuu kan barbaadu taʼus, namoonni Yohaannisiin akka raajiitti+ waan ilaalaniif isaan sodaate. 6 Yeroo guyyaan dhalootaa+ Heroodis kabajamutti garuu, intalli Heroodiyaas qophicha irratti shubbistee baayʼee isa gammachiiste;+ 7 kanaafuu, inni wanta ishiin gaafatte kam iyyuu ishiidhaaf kennuuf kakatee waadaa gale. 8 Intalattiinis haadha ishiitiin gorfamtee, “Asumatti mataa Yohaannis Cuuphaa saaniitti naaf kenni”+ jette. 9 Mootichi yeroo kanatti kan gadde taʼus, kakaa isaa fi namoota isaa wajjin maaddiitti dhihaataniin kan kaʼe akka ishiidhaaf kennamu ajaje. 10 Akka kanaan, mana hidhaatti nama ergee mataa Yohaannis irraa kuchisiise. 11 Mataan isaas saanii irra kaaʼamee fidamee intalattiidhaaf kenname; ishiinis haadha ishiitti geessite. 12 Boodas barattoonni isaa dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalan; achiis dhufanii Yesuusitti himan. 13 Yesuus yeroo kana dhagaʼu, kophaa isaa taʼuuf achii kaʼee bidiruu yaabbatee iddoo namni hin jirre deeme. Namoonni sun garuu yeroo kana dhagaʼan, magaalota isaanii keessaa baʼanii miilaan isa duukaa buʼan.+

14 Yeroo bidiruu sana irraa buʼus, namoota hedduu argee baayʼee isaaniif gadde;+ dhukkubsattoota isaan gidduu jiranis ni fayyise.+ 15 Yeroo dhihu garuu barattoonni isaa gara isaa dhufanii, “Iddoon isaa bakka namni hin jirre dha, saʼaatiin isaas sokkeera; kanaafuu, namoonni kun gara gandeenii dhaqanii nyaata akka bitatan isaan geggeessi”+ isaan jedhan. 16 Yesuus garuu, “Deemuun isaan hin barbaachisu; isinumti wanta nyaatan kennaafii” isaaniin jedhe. 17 Isaanis, “Daabboo shanii fi qurxummii lama malee homaa hin qabnu” isaan jedhan. 18 Innis, “Isaanuma natti fidaa” jedhe. 19 Achiis namoonni sun marga irra akka tataaʼan ajaje. Daabboo shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee gara samii ilaalaa eebbise;+ daabboo sana erga caccabsee boodas barattoota isaatti kenne; barattoonni isaas namoota sanaaf kennan. 20 Hundi isaanii nyaatanii quufan; isaanis hambaa irraa hafe guuboo 12 guutuu walitti qaban.+ 21 Namoonni nyaatanis, dubartootaa fi ijoollee utuu hin dabalatin dhiirota gara 5,000 turan.+ 22 Sana booda utuu baayʼee hin turin barattoonni isaa bidiruu yaabbatanii isa dursanii galaanicha gamatti akka ceʼan erge; inni garuu namoota sana geggeessuuf+ achuma ture.

23 Namoota sana erga geggeessee boodas kadhachuudhaaf+ kophaa isaa gaara tokkotti ol baʼe. Yommuu dhihus kophaa isaa achuma ture. 24 Yeroo kanatti bidiruun sun qarqara galaanaa irraa baayʼee* fagaattee kan turte yeroo taʼu, bubbeen gara isaaniitti waan bubbisuuf dambaliin galaanaa baayʼee isaan rakkisa ture. 25 Haa taʼu malee halkan keessaa kutaa isa arfaffaatti* Yesuus galaanicha irra deemaa gara isaanii dhufe. 26 Barattoonni isaas utuu inni galaana irra deemuu arganii baayʼee waan naʼaniif, “Kun ekeraa dha!” jedhanii sodaadhaan iyyan. 27 Yesuus garuu yeruma sana, “Jabaadhaa! Ana dha, hin sodaatinaa”+ isaaniin jedhe. 28 Pheexirosis deebisee, “Yaa Gooftaa, si dha yoo taʼe, bishaan irra deemee gara kee akkan dhufu na ajaji” isaan jedhe. 29 Yesuusis, “Kottu!” jedhe. Kanaafuu, Pheexiros bidiricha irraa buʼee bishaan irra deemaa gara Yesuusitti qajeele. 30 Yeroo obomboleettii sana ilaalu garuu ni sodaate. Yommuu liqimfamuu jalqabus, “Yaa Gooftaa, na oolchi!” jedhee iyye. 31 Yesuusis yeruma sana harka isaa hiixatee isa qabee, “Namicha amantii xinnoo qabdu nana, maaliif shakkite?”+ isaan jedhe. 32 Bidiruu sana erga yaabbatanii booda, obomboleettiin sun ni dhaabbate. 33 Achiis warri bidiruu sana irra turan, “Ati dhuguma Ilma Waaqayyoo ti” jedhanii isaaf sagadan. 34 Galaanicha gamatti ceʼaniis iddoo Genesaarex+ jedhamutti irraa buʼan.

35 Namoonni iddoo sana jiranis inni Yesuus taʼuu isaa yommuu beekan, biyyoota naannoo sana jiran hundatti dhaamsa ergan; kanaafuu, namoonni warra dhukkubsatan hunda gara isaatti fidan. 36 Isaan fiixee uffata isaa qofa tuquuf illee isa kadhatu turan;+ warri fiixee uffata isaa tuqan hundis guutummaatti ni fayyan.

15 Boodas Fariisonnii fi barsiisonni seeraa+ Yerusaalemii gara Yesuus dhufanii akkana isaan jedhan: 2 “Barattoonni kee aadaa abbootii keenyaa kan cabsan maaliifi? Fakkeenyaaf, yommuu nyaata nyaachuuf jedhan harka isaanii hin dhiqatan.”*+

3 Innis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Isin aadaa keessaniif jettanii maaliif ajaja Waaqayyoo cabsitu?+ 4 Fakkeenyaaf Waaqayyo, ‘Abbaa kee fi haadha tee kabaji’+ akkasumas, ‘Namni abbaa isaa yookiin haadha isaatti wanta hamaa dubbatu* haa ajjeefamu’+ jedheera. 5 Isin garuu akkana jettu: ‘Namni abbaa isaatiin yookiin haadha isaatiin, “Wanti ani qabuu fi ittiin si gargaaruu dandaʼu hundi kennaa Waaqayyoof adda baafame dha”+ jedhu kam iyyuu 6 matumaa abbaa isaatiif ulfina kennuun isa hin barbaachisu.’ Kanaafuu, aadaa keessaniif jettanii dubbii Waaqayyoo gatii dhabsiistaniittu.+ 7 Fakkeessitoota nana, Isaayyaas waaʼee keessan akkana jedhee sirriitti raajii dubbateera:+ 8 ‘Sabni kun hidhii isaatiin ulfina anaaf kenna; garaan isaa garuu baayʼee ana irraa fagoo dha. 9 Akka waan dubbii koo taʼeetti ajaja namootaa waan barsiisaniif, isaan akkanumaan na waaqeffatu.’”+ 10 Yeroo kanatti uummata sana ofitti waamee akkana isaaniin jedhe: “Kana dhaggeeffadhaa, hiika isaas hubadhaa:+ 11 Wanta afaan namaa keessaa baʼutu nama xureessa malee, wanti afaan namaa seenu nama hin xureessu.”+

12 Achiis barattoonni isaa dhufanii, “Fariisonni wanta ati dubbatte dhagaʼanii akka gufatan hubatteettaa?”+ isaan jedhan. 13 Innis deebisee akkana jedhe: “Biqiltuun Abbaan koo inni samii hin dhaabne hundi ni buqqifama. 14 Waaʼee isaanii dhiisaa. Isaan geggeessitoota jaamota taʼani dha. Kanaafuu, jaamaan jaamaatti karaa yoo argisiise lamaan isaanii iyyuu boolla keessa buʼu.”+ 15 Pheexiros deebisee, “Fakkeenyicha nuuf ibsi” isaan jedhe. 16 Yeroo kanatti inni akkana jedhe: “Isinis hamma yoonaatti hin hubannee?+ 17 Wanti gara afaaniitti seenu kam iyyuu marʼimaan keessa darbee gara boollaatti akka seenu hin beektanii? 18 Haa taʼu malee, wanti afaan namaa keessaa baʼu kam iyyuu garaa keessaa baʼa; nama kan xureessu kana dha.+ 19 Fakkeenyaaf, garaa keessaa yaadni hamaan,+ jechuunis ajjeechaan, ejji, halalummaan,* hanni, sobaan ragaa baʼuunii fi arrabsoon ni baʼa. 20 Wantoota kanatu nama xureessa malee, utuu harka hin dhiqatin* nyaachuun nama hin xureessu.”

21 Sana booda, Yesuus achii deemee gara naannoo Xiirosii fi Siidoon dhaqe.+ 22 Yeroo kanatti dubartiin biyya Fiinqee* tokko dhuftee, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, garaa naa laafi. Intalli too jinniidhaan qabamtee akka malee dhiphachaa jirti” jettee iyyite.+ 23 Inni garuu deebii tokko illee ishiidhaaf hin kennine. Kanaafuu, barattoonni isaa dhufanii, “Dubartiin tun nu duukaa buutee iyyaa waan jirtuuf, ishii geggeessi” isaan jedhan. 24 Innis deebisee, “Ani kanan ergame hoolota mana Israaʼel keessaa badaniif+ malee eenyuuf iyyuu miti” jedhe. 25 Dubartiin sun garuu gara isaa dhuftee miila isaatti kuftee,* “Yaa Gooftaa, na gargaari” jette. 26 Innis deebisee, “Daabboo ijoollee fuudhanii buchulloota jala buusuun sirrii miti” jedhe. 27 Ishiinis, “Eeyyee, yaa Gooftaa, garuu buchulloonni iyyuu isa maaddii gooftaa isaanii irraa harcaʼe ni nyaatu”+ jette. 28 Yeroo kanatti Yesuus, “Dubartii nana, amantiin kee guddaa dha; akkuma fedhii kee siif haa taʼu” jedhee ishiidhaaf deebise. Intalli ishiis saʼaatii sanaa jalqabee ni fayyite.

29 Yesuus achii kaʼee gara Galaana Galiilaa dhufe;+ gara gaaraatti ol baʼees achi taaʼe. 30 Yeroo kanatti namoonni hedduun warra naafatan, warra lamshaaʼan, warra qaro dhabeeyyii taʼan, warra arrabni isaanii hidhamee fi namoota kan biroo hedduu fidanii gara isaa dhufuudhaan miila isaa jala isaan kaaʼan; innis isaan fayyise.+ 31 Namoonni hedduun sunis, warri arrabni isaanii hidhame yeroo dubbatan, warri lamshaaʼan yeroo fayyan, warri naafatan yeroo deeman, qaro dhabeeyyiinis yeroo ilaalan arganii dinqisiifatan; Waaqa Israaʼeliifis ulfina kennan.+

32 Haa taʼu malee, Yesuus barattoota isaa ofitti waamee akkana isaaniin jedhe: “Namoonni kun guyyaa sadii guutuu anaa wajjin turaniiru; wanta nyaatan waan hin qabneef ani isaaniif nan gadda.+ Dadhabanii karaa irratti akka hin kukkufneef, hagabuu isaanii isaan geggeessuu hin barbaadu.”+ 33 Barattoonni isaa garuu, “Iddoo namni hin jirre kanaa nyaata namoota hedduu kana quubsu eessaa arganna?”+ isaan jedhan. 34 Yeroo kanatti Yesuus, “Daabboo meeqa qabdu?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Daabboo torbaa fi qurxummii xixinnoo muraasa” jedhan. 35 Innis namoonni sun lafa irra akka tataaʼan ajaje; 36 achiis daabboo torbaa fi qurxummii sana fuudhee erga galateeffatee booda, caccabsee barattoota isaatti kenne; barattoonni isaas namoota sanaaf kennan.+ 37 Hundi isaanii nyaatanii quufan; achiis hambaa irraa hafe guuboo guguddaa torba guutuu walitti qaban.+ 38 Warri nyaatanis dubartootaa fi ijoollee utuu hin dabalatin dhiirota 4,000 turan. 39 Dhuma irrattis namoota sana erga geggeessee booda, bidiruu yaabbatee gara naannoo Magadaan dhufe.+

16 Yeroo kanatti Fariisonnii fi Saduuqonni gara isaa dhufanii, isa qoruuf samii irraa mallattoo akka isaanitti argisiisu isa gaafatan.+ 2 Innis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Yommuu dhihu, ‘Samiin waan diimateef hin roobu’ jettu; 3 ganama immoo, ‘Samiin kan diimate taʼus duumessa waan qabuuf, harʼa ni qorra, bokkaanis ni rooba’ jettu. Isin bifa samii ilaaltanii wanta taʼuuf jiru dubbachuu ni dandeessu; haa taʼu malee, mallattoowwan barichaa ilaaltanii wanta taʼuuf jiru dubbachuu hin dandeessan. 4 Dhaloonni hamaanii fi ejjaa taʼe* yeroo hunda mallattoo barbaada; taʼus mallattoo Yoonaas+ malee mallattoo kan biraan isaaf hin kennamu.”+ Sana booda Yesuus isaan dhiisee deeme.

5 Barattoonni isaas gamatti ceʼan; yeroo kanatti daabboo qabachuu irraanfatanii turan.+ 6 Yesuusis, “Of eeggadhaa, raacitii Fariisotaa fi Saduuqotaa irraa of eegaa”+ isaaniin jedhe. 7 Isaan immoo, “Nuti daabboo hin qabanne” jedhanii walitti dudubbachuu jalqaban. 8 Yesuusis kana beekee akkana isaaniin jedhe: “Isin yaa warra amantii xinnoo qabdan nana, daabboo hin qabanne jettanii kan walitti dudubbattan maaliifi? 9 Amma iyyuu yaada isaa hin hubannee? Daabboo shanan sana namoonni 5,000 yommuu nyaatan, guuboo meeqa akka walitti qabdan hin yaadattanii?+ 10 Yookiin daabboo torban sana namoonni 4,000 yommuu nyaatan, guuboo guguddaa meeqa akka walitti qabdan hin yaadattanii?+ 11 Ani waaʼee daabboo isinitti dubbachaa akkan hin jirre akkamitti hin hubattan? Egaa raacitii Fariisotaa fi Saduuqotaa irraa of eegaa.”+ 12 Yeroo kanatti raacitii daabboo irraa utuu hin taʼin, barumsa Fariisotaa fi Saduuqotaa irraa akka of eegan isaanitti dubbachaa akka jiru hubatan.

13 Yesuus yommuu gara naannoo Qisaariyaa Filiphisiyus dhufetti, “Namoonni Ilma namaatiin eenyu jedhu?”+ jedhee barattoota isaa gaafate. 14 Isaanis, “Warri tokko tokko Yohaannis Cuuphaa,+ kaan Eeliyaas,+ warri kaan immoo Ermiyaas yookiin raajota keessaa tokko dha jedhu” isaan jedhan. 15 Innis, “Isin hoo eenyu anaan jettu?” isaaniin jedhe. 16 Simoon Pheexiros, “Ati Kiristoos,+ Ilma Waaqayyo isa jiraataa ti”+ jedhee deebise. 17 Yeroo kanatti Yesuus, “Yaa Simoon ilma Yoonaas, kana kan siif ibse foonii fi dhiiga* utuu hin taʼin, Abbaa koo isa samii waan taʼeef gammadi.+ 18 Ani sitti nan hima, ati Pheexirosi;+ ani gumii koo qarsaa+ kana irratti nan ijaara; karrawwan Awwaalaas* isa hin moʼan. 19 Ani furtuuwwan Mootummaa samii siif nan kenna; wanti ati lafa irratti hiitu hundi samii irratti dursee kan hidhame taʼa; wanti ati lafa irratti hiiktu hundis samii irratti dursee kan hiikame taʼa.” 20 Achiis, barattoonni isaa inni Kiristoos taʼuu isaa eenyutti iyyuu akka hin himne cimsee isaan ajaje.+

21 Yesuus yeroo sanaa jalqabee, gara Yerusaalem dhaquu akka qabu, maanguddoonni, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa dhiphina guddaa akka isa irra geessisan, akka ajjeefamuu fi guyyaa sadaffaatti duʼaa akka kaafamu+ barattoota isaatiif ibsuu jalqabe. 22 Yeroo kanatti Pheexiros kophaatti isa baasee, “Yaa Gooftaa, garaa ofitti hin jabaatin; matumaa wanti kun si irra hin gaʼu” jedhee isatti dheekkamuu jalqabe.+ 23 Inni garuu isa irraa garagalee Pheexirosiin, “Seexana nana, duuba koo deemi! Ati yaada namaa malee kan Waaqayyoo waan hin yaadneef gufuu natti taateetta”+ jedhe.

24 Achiis Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe: “Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu; muka dhiphinaa* isaa baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu.+ 25 Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; namni anaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu garuu lubbuu isaa ni argata.+ 26 Namni tokko guutummaa addunyaa kan isaa godhatee lubbuu isaa yoo dhabe maal isa fayyada?+ Yookiin namni tokko bakka lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?+ 27 Ilmi namaa ulfina Abbaa isaatiin maleekota isaa wajjin ni dhufa; achiis tokkoon tokkoon namaatiif akka hojii hojii isaatti gatii isaa ni kenna.+ 28 Dhuguman isiniin jedha, namoota as dhaabbatan keessaa jalqaba hanga Ilmi namaa Mootummaa isaatiin dhufee arganitti matumaa kan hin duune tokko tokko jiru.”+

17 Yesuus guyyaa jaʼa booda Pheexiros, Yaaqoobii fi obboleessa Yaaqoob Yohaannisiin kophaa isaanii fudhatee gaara dheeraa tokkotti ol baʼe.+ 2 Achiis inni isaan duratti ni jijjiirame; fuulli isaa akka aduu ife; uffanni isaas akka ifaa calaqqise.*+ 3 Yeroo kanatti, Musee fi Eeliyaas isaa wajjin utuu dubbatanii isaanitti mulʼatan. 4 Achiis Pheexiros Yesuusiin, “Yaa Gooftaa, iddoo kana taʼuun keenya nuuf gaarii dha. Fedhii kee yoo taʼe, asitti dunkaana sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokko immoo Eeliyaasiif nan dhaaba” jedhe. 5 Utuma inni dubbachaa jiruu, duumessi ifa of keessaa qabu dhufee isaan haguuge; duumessicha keessaas sagaleen tokko, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha.+ Isa dhagaʼaa”+ jedhe. 6 Barattoonni isaa yommuu kana dhagaʼan baayʼee sodaatanii adda isaaniitiin gombifaman. 7 Achiis Yesuus isaanitti siqee isaan qaqqabuudhaan, “Kaʼaa. Hin sodaatinaa” isaaniin jedhe. 8 Yommuu ol jedhanii ilaalanis, Yesuusiin malee eenyuun iyyuu hin argine. 9 Gaaricha irraa utuu buʼaa jiranii Yesuus, “Hanga Ilmi namaa duʼaa kaafamutti mulʼata kana eenyutti iyyuu hin himinaa” jedhee isaan ajaje.+

10 Haa taʼu malee barattoonni isaa, “Maarree barsiisonni seeraa, Eeliyaas dursee dhufuu qaba kan jedhan maaliifi?” jedhanii isa gaafatan.+ 11 Innis deebisee akkana jedhe: “Dhugaa dha, Eeliyaas dhufee waan hundumaa iddootti deebisa.+ 12 Haa taʼu malee, ani isinitti nan hima, Eeliyaas dhufeera; isaan garuu wanta barbaadan isa irratti raawwatan+ malee isa hin beekne. Ilmi namaas akkasuma harka isaaniitti dhiphachuuf jedha.”+ 13 Yeroo kanatti barattoonni isaa kan inni dubbachaa ture waaʼee Yohaannis Cuuphaa taʼuu isaa hubatan.

14 Yommuu gara namoota hedduu+ sanaa dhufanis, namichi tokko gara isaa dhufee isa duratti jilbeenfatee akkana isaan jedhe: 15 “Yaa Gooftaa, ilma kootiif garaa laafi; inni gaggabdoodhaan qabamee dhukkubsachaa jira. Yeroo baayʼee ibidda keessatti kufa; yeroo baayʼees bishaan keessatti kufa.+ 16 Gara barattoota keetti isa fideen ture; isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye.” 17 Yesuusis deebisee, “Dhaloota amantii hin qabnee fi micciiramaa+ nana, hanga yoomiittan isinii wajjin tura? Hanga yoomiittanis isiniif obsa? Mucicha as natti fidaa” jedhe. 18 Achiis Yesuus jinnii sana ifate; innis mucicha keessaa ni baʼe, mucichis saʼaatii sanaa jalqabee ni fayye.+ 19 Sana booda barattoonni isaa kophaatti gara Yesuus dhufanii, “Nuti isa baasuu kan dadhabne maaliifi?” isaan jedhan. 20 Innis, “Amantiin keessan xinnoo waan taʼeefi. Dhuguman isiniin jedha, amantii hanga firii sanaaficaa geessu yoo qabaattanii fi gaara kanaan, ‘Asii kaʼiitii achi deemi’ yoo jettan ni deema; wanti isiniif hin dandaʼamnes hin jiraatu”+ isaaniin jedhe. 21 *——

22 Galiilaatti utuu walitti qabamanii jiraniis, Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Ilmi namaa harka namootaatti dabarfamee ni kennama;+ 23 isaan isa ni ajjeesu; innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama.”+ Yeroo kanatti isaan baayʼee gaddan.

24 Qifirnaahom erga gaʼanii booda, namoonni gibira mana qulqullummaa* sassaaban gara Pheexiros dhufanii, “Barsiisaan keessan gibira mana qulqullummaa hin kaffaluu?”+ jedhan. 25 Innis, “Ni kaffala” jedhe. Haa taʼu malee, yeroo Pheexiros mana seenu Yesuus dursee, “Simoon, maal sitti fakkaata? Mootonni lafaa gibira yookiin qaraxa eenyu irraa fudhatu? Ijoollee isaanii irraa moo keessummoota irraa fudhatu?” isaan jedhe. 26 Yommuu Pheexiros “Keessummoota irraa fudhatu” jedhee deebisu, Yesuus akkana isaan jedhe: “Yoos immoo ijoolleen gibira kaffaluu irraa walaba dha. 27 Garuu nuti gufuu akka isaanitti hin taaneef,+ gara galaanaa dhaqiitii hokkoo ittiin qurxummii qabattu darbadhu; achiis qurxummii isa jalqaba qabattu yommuu afaan isaa bantu saantima meetii tokko* ni argatta. Isa fuudhiitii anaa fi ofii keetiif kaffali.”

18 Yeroo sanatti barattoonni gara Yesuusitti dhihaatanii, “Mootummaa samii keessatti hundumaa irra kan caalu eenyu?”+ jedhanii isa gaafatan. 2 Kanaafuu, inni mucaa xinnoo tokko waamee gidduu isaanii dhaabe; 3 achiis akkana jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, deebitanii* akka ijoollee yoo taatan+ malee matumaa Mootummaa samiitti hin galtan.+ 4 Kanaafuu, namni akka mucaa xinnoo kanaatti gad of qabu kam iyyuu, Mootummaa samii keessatti hundumaa irra kan caalu taʼa;+ 5 namni mucaa xinnoo akkanaa maqaa kootiin simatu kam iyyuu, anaanis ni simata. 6 Haa taʼu malee, namni warra xixinnoo anatti amanan kana keessaa tokko gufachiisu kam iyyuu, dhagaan daakuu* morma isaatti hidhamee galaana keessatti yoo liqimfame isaaf wayya.+

7 “Addunyaan kun namoonni akka gufatan waan godhuuf isaaf wayyoo! Wanti gufachiisu akka dhufu beekamaa dha; nama karaa isaa wanti gufachiisu dhufu sanaaf garuu wayyoo! 8 Kanaafuu, harki kee yookiin miilli kee yoo si gufachiise of irraa kutii gati.+ Harka lama yookiin miila lama qabaattee ibidda bara baraatti gatamuu mannaa, qaamni kee hirʼatee yookiin naafa taatee jireenya argachuu sii wayya.+ 9 Akkasumas, ijji kee yoo si gufachiise of keessaa baasii gati. Ija lama qabaattee ibidda Gahaannamitti* gatamuu mannaa, ija tokko qabaattee jireenya argachuu sii wayya.+ 10 Ani isinitti nan hima, maleekonni isaanii warri samii keessa jiran yeroo hunda fuula Abbaa koo isa samii waan ilaalaniif,+ warra xixinnoo kana keessaa isa tokko akka hin tuffanne of eeggadhaa. 11* ——

12 “Maal isinitti fakkaata? Namni tokko hoolota 100 yoo qabaatee fi isaan keessaa hoolaan tokko yoo jalaa bade,+ hoolota 99n sana gaara irratti dhiisee isa jalaa bade sana barbaacha hin deemuu?+ 13 Dhuguman isiniin jedha, yoo isa argate hoolota 99n warra hin badne sana caalaa isatti gammada. 14 Haaluma wal fakkaatuun, Abbaan koo* inni samii warra xixinnoo kana keessaa tokko illee akka badu hin barbaadu.+

15 “Kana malees, obboleessi kee cubbuu yoo si irratti hojjete dhaqiitii bakka atii fi inni qofti jirtanitti+ dogoggora isaa itti himi.* Yoo si dhagaʼe, obboleessa kee deebistee argatte+ jechuu dha. 16 Yoo si dhagaʼuu dide garuu, wanti hundi ragaa* namoonni lama yookiin sadii dhiheessaniin waan mirkaneeffamuuf,+ nama tokko yookiin nama lama fudhadhuu dhaqi. 17 Isaaniin dhagaʼuu yoo dide immoo gumiitti himi. Gumichas dhagaʼuu yoo dide, akka nama addunyaattii*+ fi akka nama qaraxa sassaabuutti isa ilaali.+

18 “Dhuguman isiniin jedha, wanti isin lafa irratti hiitan kam iyyuu dursee samii irratti hidhameera; wanti isin lafa irratti hiiktan kam iyyuus dursee samii irratti hiikameera. 19 Ammas dhuguman isinitti hima, isin keessaa namoonni lama walii galanii wanta barbaachisaa taʼe kam iyyuu yoo kadhatan, Abbaan koo inni samii isaaniif ni godha.+ 20 Sababiin isaas, lama yookiin sadii taʼanii bakka maqaa kootiin walitti qabamanitti,+ ani isaan gidduutti nan argama.”

21 Achiis Pheexiros dhufee, “Yaa Gooftaa, obboleessi koo cubbuu yoo na irratti hojjete siʼa meeqa dhiifama isaaf godhu? Siʼa torbaa?” jedhee isa gaafate. 22 Yesuusis akkana isaan jedhe: “Ani siin nan jedha, siʼa 77 malee, siʼa torba qofa miti.+

23 “Kanaan kan kaʼes, Mootummaan samii mootii liqii garboota isaa irraa qabu sassaabbachuu barbaadee wajjin wal fakkaata. 24 Yommuu isaan irraa sassaabbachuu jalqabus, nama taalaantii* 10,000 isa irraa liqeeffate tokko gara isaatti fidan. 25 Haa taʼu malee, namichi liqii isa irra jiru wanta ittiin kaffalu waan hin qabneef gooftaan isaa, inni, haati manaa isaa, ijoolleen isaa fi wanti inni qabu hundi gurguramanii liqichi akka kaffalamu ajaje.+ 26 Yeroo kanatti, garbichi sun miila isaatti kufee isaaf sagadee, ‘Maaloo, naaf obsi; wanta ana irra jiru hunda siif nan kaffala’ jedhe. 27 Kanaan kan kaʼes, gooftaan garbicha sanaa gara laafinaan kakaʼee isa gadhiise; liqii isa irraa qabus isaaf dhiise.+ 28 Garbichi sun garuu yommuu achii baʼee deemu, nama akka isaa garbicha taʼee fi dinaaree* 100 isa irraa liqeeffate argate; achiis hudhee isa qabee, ‘Liqii ani si irraa qabu hunda naa kaffali’ isaan jedhe. 29 Kanaafuu, namichi akkuma isaa garbicha taʼe sun miila isaatti kufee, ‘Maaloo, naaf obsi; siif nan kaffala’ jedhee isa kadhachuu jalqabe. 30 Inni garuu tole hin jenne; kanaa mannaa, hanga inni liqii isa irra jiru kaffalutti mana hidhaa akka galu godhe. 31 Namoonni akkuma isaa garboota taʼan wanta taʼe kana yommuu argan baayʼee gaddan; achiis gara gooftaa isaanii dhaqanii wanta taʼe hunda itti himan. 32 Yeroo kanatti gooftaan isaa isa waamsisee akkana isaan jedhe: ‘Garbicha hamaa nana, ati waan na kadhatteef liqii si irra jiru sana hunda siif dhiiseera. 33 Maarree akkuma ani garaa siif laafe, atis nama akkuma kee garbicha taʼe kanaaf garaa laafuu hin qabdu turtee?’+ 34 Achiis gooftaan isaa baayʼee dheekkamee, hanga inni liqii isa irra jiru hunda kaffalee xumurutti waardiyyoota mana hidhaatti isa kenne. 35 Isinis, tokkoon tokkoon keessan obboleessa keessaniif garaadhaa dhiifama+ hin gootan taanaan, Abbaan koo inni samii akkanuma+ isin irratti godha.”

19 Yesuus wantoota kana dubbatee yommuu xumuru, Galiilaadhaa baʼee gara daangaawwan Yihudaa warra Yordaanos gama jiranii dhufe.+ 2 Namoonni hedduunis isa duukaa kan buʼan yeroo taʼu, innis achitti isaan fayyise.

3 Fariisonnis isa qoruuf yaaduudhaan gara isaa dhufanii, “Namni tokko sababiidhuma taʼeen haadha manaa isaa akka hiiku seerri isaaf ni heyyamaa?”+ jedhanii isa gaafatan. 4 Innis deebisee akkana jedhe: “Waaqayyo jalqabumaa kaasee dhiiraa fi dubartii godhee akka isaan uume+ hin dubbisnee? 5 ‘Kanaan kan kaʼes, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana; lamaan isaanii foon tokko taʼu’+ jedheera. 6 Kanaafuu, isaan sana booda foon tokko dha malee lama miti. Egaa, wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.”+ 7 Isaanis, “Maarree Museen waraqaa ragaa ittiin ishii hiiku ishiidhaaf kennee akka ishii hiiku kan ajaje maaliifi?”+ isaan jedhan. 8 Innis akkana isaaniin jedhe: “Museen sababii mata jabina keessaniitiif haadhotii manaa keessan akka hiiktan isiniif heyyame+ malee, jalqabaa kaasee haalli isaa akkana hin turre.+ 9 Ani isinitti nan hima, namni utuu ishiin halalummaa* hin raawwatin haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata.”+

10 Barattoonni isaas, “Haalli abbaa manaa fi haadha manaa akkana yoo taʼe, fuudhuu dhiisuu wayya” isaan jedhan. 11 Innis akkana isaaniin jedhe: “Warra kennaa isaa qaban+ qofa malee, namni hundi dubbii kana fudhachuu hin dandaʼu. 12 Sababiin isaas, namoonni xuʼaashii* taʼanii dhalatan jiru; namoonni warri kaan xuʼaashii isaan godhan jiru; namoonni Mootummaa samiitiif jedhanii xuʼaashii of godhanis jiru. Kana namni fudhachuu dandaʼu haa fudhatu.”+

13 Achiis harka isaa akka isaan irra kaaʼuu fi akka isaaniif kadhatuuf namoonni ijoollee xixinnoo gara Yesuus ni fidan; barattoonni isaa garuu isaanitti dheekkaman.+ 14 Taʼus Yesuus, “Mootummaan samii warra akkanaatiif waan taʼeef, ijoollee xixinnoon gara koo haa dhufan, dhiisaa, isaan dhowwuuf hin yaalinaa”+ jedhe. 15 Achiis harka isaa erga isaan irra kaaʼee booda, bakka sanaa ni deeme.

16 Yeroo kanatti namichi tokko gara isaa dhufee, “Yaa Barsiisaa, jireenya bara baraa argachuuf wanta gaarii akkamii gochuun qaba?”+ isaan jedhe. 17 Yesuusis, “Waaʼee wanta gaarii maaliif na gaafatta? Gaarii kan taʼe tokko qofa dha.+ Ati garuu jireenya argachuu yoo barbaadde yeroo hundumaa ajajawwan Waaqayyoo eegi”+ isaan jedhe. 18 Namichis, “Warra kam?” isaan jedhe. Yesuusis akkana jedhe: “Hin ajjeesin,+ hin ejjin,+ hin hatin,+ sobaan ragaa hin baʼin,+ 19 abbaa kee fi haadha tee kabaji,+ akkasumas nama* akka ofii keetti jaalladhu.”+ 20 Dargaggeessi sunis, “Isaan kana hundumaa eegeera; kan biraa hoo maaltu na hafa?” isaan jedhe. 21 Yesuusis, “Mudaa kan hin qabne* taʼuu yoo barbaadde, dhaqi, wanta qabdu gurguriitii hiyyeeyyiidhaaf kenni; samii irratti qabeenya ni argatta;+ sana booda kottuutii duuka buutuu koo taʼi”+ isaan jedhe. 22 Dargaggeessi sun yommuu kana dhagaʼu qabeenya hedduu waan qabuuf gaddaa achii deeme.+ 23 Achiis Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, Mootummaa samiitti galuun nama sooressa taʼeef rakkisaa dha.+ 24 Ammas isinitti nan hima, namni sooressi Mootummaa Waaqayyootti galuu mannaa, gaalli qaawwa lilmoo keessa hulluuquutu salphata.”+

25 Barattoonni isaa yeroo kana dhagaʼan baayʼee dinqisiifatanii, “Egaa eenyutu fayyuu dandaʼa ree?”+ jedhan. 26 Yesuus hubatee isaan ilaalaa, “Kun namootaaf hin dandaʼamu; Waaqayyoof garuu wanti hundi ni dandaʼama”+ isaaniin jedhe.

27 Pheexirosis deebisee, “Kunoo, nuti wanta hundumaa dhiisnee si duukaa buuneerra; egaa maal arganna ree?”+ jedhe. 28 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, yeroo wanti hundi haareffamuu* fi Ilmi namaa teessoo isaa isa ulfina qabeessa taʼe irra taaʼutti, isin warri na duukaa buutan teessoo 12 irra teessanii gosoota Israaʼel 12n irratti murteessitu.+ 29 Namni maqaa kootiif jedhee, manneen yookiin obboloota yookiin obboleettota yookiin abbaa yookiin haadha yookiin ijoollee yookiin maasii isaa dhiise, dachaa dhibba ni argata; jireenya bara baraas ni argata.+

30 “Haa taʼu malee, warri duraa hedduun warra boodaa taʼu, warri boodaa hedduun immoo warra duraa taʼu.+

20 “Mootummaan samii gooftaa manaa namoota maasii wayinii isaa irratti hojjetan mindeessuuf ganama bariidhaan baʼee wajjin wal fakkaata.+ 2 Inni hojjettoota sanaaf guyyaatti dinaaree* tokko tokko kaffaluuf walii galee gara maasii wayinii isaatti isaan erge. 3 Gara saʼaatii sadiitti yommuu gad baʼus, namoota hojii malee bakka gabaa dhaabbatan kan biroo arge; 4 isaaniinis, ‘Isinis gara maasii wayinii koo dhaqaa, gatii sirrii taʼe isiniif nan kaffala’ jedhe. 5 Kanaafuu, isaanis kaʼanii dhaqan. Ammas gara saʼaatii jaʼaa, achiis gara saʼaatii sagalii baʼee akkasuma godhe. 6 Dhuma irrattis, gara saʼaatii 11tti gad baʼee namoota naannoo sana dhaabbatan kan biroo argee, ‘Guyyaa guutuu hojii malee maaliif as dhaabbachaa ooltan?’ jedhee isaan gaafate. 7 Isaanis, ‘Nama nu mindeessu waan dhabneefi’ jedhanii isaaf deebisan. Innis, ‘Isinis gara maasii wayinii koo dhaqaa’ isaaniin jedhe.

8 “Yommuu dhihus gooftaan maasii wayinii sanaa itti gaafatamaa hojjettootaatiin, ‘Hojjettoota waamiitii isa dhuma irratti mindeeffame irraa jalqabiitii hamma isa dura mindeeffameetti mindaa isaanii isaaniif kaffali’+ jedhe. 9 Namoonni saʼaatii 11tti mindeeffaman yommuu dhufan tokkoon tokkoon isaanii dinaaree* tokko tokko fudhatan. 10 Kanaafuu, warri dura mindeeffaman yommuu dhufan kana caalaa kan argatan isaanitti fakkaatee ture; garuu isaaniifis dinaaree* tokko tokkotu kaffalame. 11 Yommuu mindaa isaanii fudhatan garuu, gooftaa manaa sanatti gungumuu jalqaban; 12 ‘Namoonni dhuma irratti dhufan kun saʼaatii tokkittii hojjetan; ati garuu nu warra aduu saafaa keessa guyyaa guutuu dadhabaa oollee wajjin wal isaan qixxeessite!’ jedhan. 13 Inni garuu isaan keessaa isa tokkoof akkana jedhee deebise: ‘Michuu koo, ani waanan si miidhe hin qabu. Ati dinaaree* tokkoon hojjechuuf anaa wajjin walii galte mitii?+ 14 Kanaafuu, mindaa kee fudhadhuu deemi. Ani namicha dhuma irratti dhufe kanaafis hammuman siif kenne kennuu nan barbaada. 15 Maallaqa kootiin wantan barbaade gochuuf mirga hin qabuu? Moo ani gaarii* waanan taʼeef iji kee hinaafe?’*+ 16 Akka kanaan, warri boodaa warra duraa taʼu; warri duraas warra boodaa taʼu.”+

17 Gara Yerusaalemitti utuu ol baʼaa jiranii, Yesuus barattoota isaa 12n kophaatti baasee karaa irratti akkana isaaniin jedhe:+ 18 “Kunoo, gara Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi namaas dura buutota lubootaa fi barsiisota seeraatti dabarfamee ni kennama. Isaanis duʼa isatti murteessu.+ 19 Akkasumas, akka isatti qoosan, akka isa garafanii fi muka irratti akka isa fannisaniif+ saboota kaanitti dabarsanii isa kennu; achiis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama.”+

20 Boodas haati manaa Zabdewos+ ilmaan ishii wajjin gara isaa dhuftee, isaaf sagaddee wanta tokko isa kadhatte.+ 21 Innis, “Maal barbaadde?” ishiidhaan jedhe. Ishiinis deebistee, “Ilmaan koo lamaan kun Mootummaa kee keessatti inni tokko karaa mirga kee, inni tokko immoo karaa bitaa kee akka taaʼan godhi”+ jette. 22 Yesuusis deebisee, “Isin wanta kadhattan hin beektan. Xoofoo* ani dhuguuf jedhu dhuguu+ ni dandeessuu?” jedhe. Isaanis, “Eeyyee, ni dandeenya” isaan jedhan. 23 Innis, “Xoofoo koo illee ni dhugdu;+ karaa mirga koo fi karaa bitaa koo taaʼuun garuu, warra Abbaan koo isaaniif qopheesseef kan kennamu dha malee wanta ani kennu miti”+ isaaniin jedhe.

24 Barattoonni kurnan yommuu waaʼee kanaa dhagaʼan obbolaa lamaan kanatti ni aaran.+ 25 Yesuus garuu ofitti isaan waamee akkana jedhe: “Bulchitoonni sabootaa gooftolii akka isaan irratti taʼan, namoonni guguddoota jedhamanis aangoo isaanii akka isaan irratti argisiifatan beektu.+ 26 Isin gidduutti garuu akkana taʼuu hin qabu;+ kanaa mannaa, isin gidduutti guddaa taʼuu kan barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan haa taʼu;+ 27 namni isin gidduutti dura taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan haa taʼu.+ 28 Akkuma kana Ilmi namaas kan dhufe warra kaan tajaajiluu+ fi lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii* godhee kennuufi+ malee, akka isa tajaajilaniif miti.”

29 Yesuusii fi barattoonni isaa yommuu Yerikoodhaa baʼanii deeman namoonni hedduun isa duukaa buʼan. 30 Yeroo kanatti namoonni qaro dhabeeyyiin karaa qarqara taaʼan lama Yesuus achiin darbaa akka jiru dhagaʼanii, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, garaa nuu laafi!”+ jedhanii iyyan. 31 Haa taʼu malee, namoonni hedduun sun akka callisan itti himuudhaan isaanitti dheekkaman; isaan garuu, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, garaa nuu laafi!” jedhanii ittuma caalchisanii iyyan. 32 Kanaafuu, Yesuus dhaabbatee isaan waamee, “Maal akkan isiniif godhu barbaaddu?” jedhe. 33 Isaanis, “Yaa Gooftaa, ija keenya nuu bani” isaan jedhan. 34 Yesuusis isaaniif gaddee ija isaanii qaqqabe;+ ijji isaaniis yeruma sana deebiʼee ilaaluu jalqabe; isaanis isa duukaa buʼan.

21 Gara Yerusaalemitti dhihaatanii Beetafaagee ishii Gaara Ejersaa irra jirtu yommuu gaʼan Yesuus barattoota isaa lama erge;+ 2 akkana isaaniin jedhe: “Ganda fuula keessan duraa mulʼattu sana dhaqaa; akkuma achi geessaniinis harree hidhamtee jirtu tokko ilmoo ishii wajjin argitu. Isaaniin hiikaatii naa fidaa. 3 Namni yoo isin gaafate, ‘Gooftaatu isaan barbaada’ jedhaa. Innis yeruma sana isaan erga.”

4 Kunis kan taʼe, wanti karaa raajichaa akkana jedhamee dubbatame akka raawwatamuufi: 5 “Akkana jedhaa intala Xiyoonitti himaa: ‘Kunoo, mootiin kee garraamii+ taʼee, harree irra, eeyyee, ilmoo harree ishii horii feʼumsaa taate irra taaʼee gara kee ni dhufa.’”+

6 Kanaafuu, barattoonni isaa dhaqanii akkuma Yesuus isaan ajaje godhan.+ 7 Harree sanaa fi ilmoo ishii ni fidan; uffata isaaniis isaan irra buusan; Yesuusis irra taaʼe.+ 8 Namoota hedduu sana keessaa baayʼeen isaanii uffata isaanii karaa irra afan;+ warri kaan immoo dameewwan mukaa kukkutanii karaa irra afan. 9 Kana malees, namoonni isa duraa fi isa duuba deeman hedduun, “Ilma Daawit+ akka oolchitu si kadhanna! Inni maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha!+ Yaa isa samii irra jirtuu, akka isa oolchitu si kadhanna!”+ jedhanii iyyu turan.

10 Yeroo inni Yerusaalemitti seenus namoonni, “Kun eenyu?” jedhanii gaafatan; guutummaan magaalattiis ni raafamte. 11 Namoonni hedduun sunis, “Kun Yesuus raajicha,+ isa Naazireet biyya Galiilaatii dhufe dha!” jedhu turan.

12 Yesuus mana qulqullummaa* seenee, warra mana qulqullummaa keessatti gurguranii fi bitan hunda achi keessaa ariʼe; minjaala warra maallaqa jijjiiranii fi barcuma warra gugee gurguraniis ni gaggaragalche.+ 13 Achiis, “‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’+ jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gochaa jirtu”+ isaaniin jedhe. 14 Namoonni qaro dhabeeyyiinii fi naafa taʼanis mana qulqullummaa keessatti gara isaa dhufan; innis isaan fayyise.

15 Dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa wantoota dinqisiisoo inni raawwatee fi ijoollee mana qulqullummaa keessatti, “Ilma Daawit akka oolchitu si kadhanna!”+ jedhanii iyyan yommuu argan aaranii,+ 16 “Wanta isaan kun jedhan ni dhageessaa?” isaan jedhan. Yesuusis, “Eeyyee, nan dhagaʼa. ‘Afaan ijoollee fi afaan daaʼimmanii keessaa galata argamsiiste’+ isa jedhame matumaa hin dubbisnee?” isaaniin jedhe. 17 Sana booda isaaniin dhiisee magaalattiidhaa baʼee gara Bitaaniyaa dhaqe; halkan sanas achuma bule.+

18 Ganama barii yommuu gara magaalattiitti deebiʼus ni beelaʼe.+ 19 Muka harbuu* tokko karaa qarqaratti argee gara ishii dhaqe; garuu baala malee homaa irraa hin arganne;+ kanaafuu, “Kana booda firiin si irraa hin argamin”+ jedhe. Mukti harbuu sunis yeruma sana gogde. 20 Barattoonni isaas yommuu kana argan dinqisiifatanii, “Mukti harbuu sun akkamitti daftee gogde?”+ jedhan. 21 Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, amantii yoo qabaattanii fi yoo shakkuu baattan, wanta ani muka harbuu kana irratti godhe qofa utuu hin taʼin, gaara kanaan ‘Asii buqqaʼii galaana keessatti darbatami’ yoo jettan illee ni taʼa.+ 22 Wanta amantiidhaan kadhattan hundumaas ni argattu.”+

23 Gara mana qulqullummaatti erga seenee booda, utuu inni barsiisaa jiruu dura buutonni lubootaa fi maanguddoonni sabichaa gara isaa dhufanii, “Aangoo maaliitiin wantoota kana hojjetta? Aangoo kana kan sii kenne hoo eenyu?”+ isaan jedhan. 24 Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Mee anis wanta tokkon isin gaafadha. Isin yoo naa deebistan, anis aangoo maaliitiin wantoota kana akkan hojjedhu isinitti nan hima: 25 Cuuphaan Yohaannis maddi isaa eessa irraa ti? Samii irraa moo nama irraa ti?” Isaan garuu akkana jedhanii walitti dudubbachuu jalqaban: “‘Samii irraa ti’ yoo jenne, ‘Maaliif isa hin amanne ree?’+ nuun jedha. 26 ‘Nama biraa ti’ yoo jenne garuu, namoonni hundi Yohaannisiin akka raajiitti waan ilaalaniif isaan sodaanna.” 27 Kanaafuu isaan, “Hin beeknu” jedhanii Yesuusiif deebisan. Innis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Anis wantoota kana aangoo maaliitiin akkan hojjedhu isinitti hin himu.

28 “Maal isinitti fakkaata? Namichi tokko ijoollee lama qaba ture. Gara ilma isaa isa jalqabaa dhaqee, ‘Ilma koo, harʼa gara maasii wayinii dhaqii hojjedhu’ isaan jedhe. 29 Innis, ‘Hin dhaqu’ jedhee isaaf deebise; booda garuu gaabbee dhaqe. 30 Ilma isaa isa lammataa bira dhaqees akkanuma isaan jedhe. Innis, ‘Nan dhaqa, abbaa* koo’ jedhee isaaf deebise; garuu utuu hin dhaqin hafe. 31 Lamaan isaanii keessaa fedhii abbaa isaa kan raawwate isa kami?” Isaanis, “Isa jalqabaa ti” jedhan. Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, warri qaraxa sassaabanii fi sagaagaltoonni isin dursanii Mootummaa Waaqayyootti galu. 32 Sababiin isaas, Yohaannis daandii qajeelummaa isinitti argisiisuuf dhufe; isin garuu isatti hin amanne. Haa taʼu malee, warri qaraxa sassaabanii fi sagaagaltoonni isatti amananiiru;+ isin garuu, kanuma ilaaltanii illee gaabbitanii isatti hin amanne.

33 “Fakkeenya kan biraa dhagaʼaa: Namni abbaa lafaa taʼe tokko jira ture; inni wayinii dhaabee+ naannoo isaatti dallaa ijaare; achiis boolla wayinii itti cuunfan qote; siree irra taaʼanii eeganis ni ijaare;+ sana booda maasii isaa kana qonnaan bultootaaf kireessee gara biyya fagoo dhaqe.+ 34 Waqtiin firii itti sassaaban yommuu gaʼu, gaʼee isaa akka isaaf fidaniif garboota isaa gara qonnaan bultoota sanaatti erge. 35 Qonnaan bultoonni sun garuu, garboota isaa qabanii isa tokko ni reeban,* isa tokko ni ajjeesan, isa tokko immoo dhagaadhaan tuman.+ 36 Ammas garboota warra jalqabaa irra caalan kan biroo erge; isaan garuu warra kanas akkanuma godhan.+ 37 Dhuma irrattis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee ilma isaa gara isaaniitti erge. 38 Qonnaan bultoonni sunis ilma isaa kana yommuu argan, ‘Dhaaltichi+ isa kana. Kottaa, isa ajjeesnee dhaala isaa fudhanna!’ waliin jedhan. 39 Kanaafuu, isaan isa qabanii maasii wayinichaa keessaa gad baasanii isa ajjeesan.+ 40 Maarree, abbaan maasii wayinichaa yommuu dhufu qonnaan bultoota sana maal godha?” 41 Isaanis akkana isaan jedhan: “Hamoota waan taʼaniif, badiisa guddaa* isaan irra geessisa; maasii wayinii isaas qonnaan bultoota kan biroo oomisha isaa yeroo isaatti isaaf kennanitti kireessa.”

42 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Kitaabota Qulqulluu keessatti, ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee isa hunda caalu*+ taʼe. Kun Yihowaa* biraa dhufe, ija keenyaafis dinqii dha’+ isa jedhu matumaa hin dubbisnee? 43 Mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba firii isaa godhatuuf ni kennama kanan isiniin jedhus kanaafi. 44 Kana malees, namni dhagaa kana irratti kufu ni caccaba.+ Namni dhagichi isa irratti kufu kam iyyuu ni hurraaʼa.”+

45 Dura buutonni lubootaa fi Fariisonni fakkeenya isaa kana yommuu dhagaʼan, inni waaʼee isaanii dubbachaa akka jiru hubatan.+ 46 Isa qabuu barbaadanii kan turan taʼus, namoonni hedduun sun akka raajiitti+ waan isa ilaalaniif isaan sodaatan.

22 Yesuus ammas akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbate: 2 “Mootummaan samii, mootii ilma isaatiif cidha gaaʼelaa+ qopheessee wajjin wal fakkaata. 3 Mootichi namoota cidha gaaʼelaa sana irratti affeeraman akka waamaniif garboota isaa isaanitti erge; isaan garuu dhufuu hin barbaanne.+ 4 Ammas inni akkana jedhee garboota kan biroo erge: ‘Warra affeeraman sanaan, “Kunoo, ani irbaata qopheesseera; sangoonnii fi horiin koo warri coccoomoon qalamaniiru; wanti hundis qophaaʼeera. Gara cidha gaaʼelaatti kottaa” jedhaatii itti himaa.’ 5 Isaan garuu affeerrii isaa tuffatanii, inni tokko gara qotiisa isaa, inni tokko immoo gara daldala isaa deeme;+ 6 warri kaan garuu garboota isaa qabanii erga salphisanii booda isaan ajjeesan.

7 “Mootichis akka malee waan aareef, loltoota isaa ergee namoota garboota isaa ajjeesan sana ni ajjeese; magaalaa isaaniis ni gube.+ 8 Achiis garboota isaatiin akkana jedhe: ‘Cidhni gaaʼelaa qophaaʼeera; warri affeeraman garuu kan isaaniif hin malle taʼaniiru.+ 9 Kanaafuu, gara daandiiwwan guguddaa magaalattiitti baʼaatii, nama argattan kam iyyuu gara cidha gaaʼelaatti waamaa.’+ 10 Garboonni sunis akkuma jedhaman daandiiwwanitti baʼanii nama argatan hunda, isa hamaas isa gaariis walitti qaban; galmi cidhichaas keessummootaan* guutame.

11 “Mootichi keessummoota sana ilaaluuf yommuu seenu garuu, nama uffata cidhaa hin uffanne tokko arge. 12 Kanaafuu, ‘Michuu koo, uffata cidhaa utuu hin uffatin akkamitti ol galte?’ isaan jedhe. Namichis waan dubbatu wallaale. 13 Yeroo kanatti mootichi tajaajiltoota isaatiin, ‘Harka isaa fi miila isaa hidhaatii dukkana ala jirutti gad isa darbadhaa. Achittis ni booʼa, ilkaan isaas ni qara’ jedhe.

14 “Sababiin isaas, namoonni affeeraman hedduu dha, kan filataman garuu muraasa.”

15 Sana booda Fariisonni deemanii, wanta inni dubbatuun kiyyootti isa galchuuf+ mariʼachuu jalqaban. 16 Kanaafuu, barattoota isaanii hordoftoota Heroodisii+ wajjin gara isaatti erganii akkana jedhan: “Barsiisaa, ati nama dhugaa akka taate, daandii Waaqayyoo dhugaadhaan akka barsiistuu fi fudhatama argachuuf jettee homaa akka hin goone beekna; sababiin isaas, ati bifa namaa ilaaltee hin murteessitu. 17 Kanaafuu, mee nutti himi, maal sitti fakkaata? Qeesaariif gibira kaffaluun sirrii dha moo sirrii miti?” 18 Yesuus garuu hammina isaanii beekee, “Fakkeessitoota nana, maaliif na qortu? 19 Mee saantima gibiraaf kaffalamu natti argisiisaa?” isaaniin jedhe. Isaanis dinaaree* tokko isatti fidan. 20 Achiis, “Fakkiin kunii fi barreeffamni kun kan eenyuu ti?” isaaniin jedhe. 21 Isaanis, “Kan Qeesaar” jedhan. Innis, “Egaa, wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof deebisaa kennaa”+ isaaniin jedhe. 22 Isaanis yommuu kana dhagaʼan dinqisiifatanii isa dhiisanii deeman.

23 Guyyuma sana, Saduuqonni warri duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan+ gara isaa dhufanii akkana jedhanii isa gaafatan:+ 24 “Barsiisaa, Museen, ‘Namni tokko utuu dhala hin godhatin yoo duʼe, obboleessi isaa haadha manaa namichaa fuudhee inni sanyii akka qabaatu haa godhu’+ jedhee ture. 25 Obbolaan torba nu bira jiru turan. Inni jalqabaa haadha manaa fuudhee utuu dhala hin godhatin waan duʼeef, obboleessi isaa ishii fuudhe. 26 Inni lammaffaan, inni sadaffaan, hamma isa torbaffaatti ishii fuudhanii utuu dhala hin godhatin duʼan. 27 Hunduma isaanii boodas dubartittiin ni duute. 28 Egaa, hundi isaanii ishii fuudhanii waan turaniif, yeroo duʼaa kaʼuutti torban isaanii keessaa haadha manaa isa kamii taati?”

29 Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Isin Kitaabota Qulqulluus taʼe humna Waaqayyoo waan hin beekneef dogoggortaniittu;+ 30 sababiin isaas, yeroo duʼaa kaʼuutti dhiironni hin fuudhan, dubartoonnis hin heeruman; kanaa mannaa akka maleekota samii taʼu.+ 31 Duʼaa kaʼuu warra duʼanii ilaalchisee wanta Waaqayyo akkana jedhee isinitti dubbate hin dubbisnee? 32 Inni, ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoobi’+ jedheera. Inni Waaqa warra jiraatoo ti malee, Waaqa warra duʼanii miti.”+ 33 Uummanni sun yeroo kana dhagaʼan barumsa isaa baayʼee dinqisiifatan.+

34 Fariisonni Yesuus Saduuqota akka afaan qabsiise erga dhagaʼanii booda gareedhaan gara isaa dhufan. 35 Yeroo kanatti isaan keessaa namni Seericha akka gaariitti beeku tokko, isa qoruuf akkana jedhee isa gaafate: 36 “Barsiisaa, Seericha keessaa ajajni hunda irra caalu isa kami?”+ 37 Innis akkana isaan jedhe: “‘Waaqa kee Yihowaa* garaa kee guutuudhaan, lubbuu* kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan jaalladhu.’+ 38 Kun ajaja isa hunda irra caaluu fi isa duraa ti. 39 Ajajni inni lammataas kanaa wajjin wal fakkaata; innis, ‘Nama* akka ofii keetti jaalladhu’+ jedha. 40 Guutummaan Seerichaa fi Raajonni ajaja lamaan kana irratti kan hundaaʼani dha.”+

41 Fariisonni walitti qabamanii utuu jiranii Yesuus akkana jedhee isaan gaafate:+ 42 “Waaʼee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?” Isaanis, “Ilma Daawiti”+ isaan jedhan. 43 Innis akkana jedhee isaan gaafate: “Maarree, Daawit akkamitti hafuuraan geggeeffamee+ Gooftaa jedhee isa waama? 44 Inni akkana jedheera: ‘Yihowaan* Gooftaa kootiin, “Diinota kee miila kee jala hamman siif godhutti mirga koo taaʼi”+ jedheera.’ 45 Maarree Daawit Gooftaa jedhee erga isa waamee, inni akkamitti ilma isaa taʼa?”+ 46 Yeroo kanatti namni tokko illee deebii isaaf kennuu hin dandeenye; guyyaa sanaa jalqabees namni gaaffii kan biraa isa gaafachuuf onnate hin turre.

23 Sana booda Yesuus akkana jedhee uummatichaa fi barattoota isaatti dubbate: 2 “Barsiisonni seeraa fi Fariisonni barcuma Musee irra of kaaʼaniiru. 3 Kanaafuu, wanta isaan isinitti himan hunda hojii irra oolchaa, akkasumas eegaa; haa taʼu malee, isaan wanta dubbatan hojii irra waan hin oolchineef, wanta isaan godhan hin godhinaa.+ 4 Isaan baʼaa ulfaataa hidhanii gateettii namootaa irra kaaʼu;+ ofii isaaniitiif garuu quba isaaniitiin tuquu illee hin barbaadan.+ 5 Isaan wanta hojjetan hunda namootatti of argisiisuuf+ hojjetu; kudhaama* guguddaa kaaʼatu;+ foʼaa fiixee uffata isaaniis ni dheereffatu.+ 6 Affeerraa irbaataa irratti bakka filatamaa taaʼuu, mana sagadaa keessatti fuuldura* taaʼuu,+ 7 akkasumas iddoo gabaatti nagaa gaafatamuu fi ‘Rabbii’* jedhamanii waamamuu jaallatu. 8 Isin garuu Barsiisaan keessan+ tokko qofa waan taʼeef, ‘Rabbii’ jedhamtanii hin waamaminaa; isin hundi keessan obbolaa dha. 9 Kana malees, Abbaan keessan+ tokkicha isa samii qofa waan taʼeef, lafa irratti eenyuun iyyuu ‘abbaa’ jettanii hin waaminaa. 10 Geggeessaan keessanis tokko, innis Kiristoos qofa waan taʼeef, ‘geggeessaa’ jedhamtanii hin waamaminaa. 11 Haa taʼu malee, isin keessaa inni hunda irra caalu tajaajilaa keessan haa taʼu.+ 12 Namni ol of qabu kam iyyuu gad ni qabama,+ namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol ni qabama.+

13 “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin balbala Mootummaa samii namootatti cuftu; ofii keessanii itti hin galtan, warra itti galuuf dhufanis ni dhowwitu.+ 14* ——

15 “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota+ nana, isiniif wayyoo! Isin namni tokko amantii Yihudii akka fudhatu gochuuf galaanaa fi lafa gogaa irra joortu; namichi yommuu amanticha fudhatus isin caalaa dachaa lama nama Gahaannamiif* malu akka taʼu isa gootu.

16 “Geggeessitoota jaamota+ nana, isiniif wayyoo! Isin, ‘Namni tokko mana qulqullummaatiin yoo kakate homaa miti; warqii mana qulqullummaa keessa jiruun yoo kakate garuu kakaa isaa raawwachuuf dirqamni isa irra jira’+ jettu. 17 Gowwootaa fi jaamota nana! Warqii sana moo mana qulqullummaa isa warqii sana qulqulleessetu caala? 18 Kana malees, ‘Namni tokko iddoo aarsaatiin yoo kakate homaa miti; kennaa iddoo aarsaa irra jiruun yoo kakate garuu, kakaa isaa raawwachuuf dirqamni isa irra jira’ jettu. 19 Jaamota nana! Kennaa sana moo iddoo aarsaa isa kennaa sana qulqulleessetu caala? 20 Kanaafuu, namni iddoo aarsaatiin kakatu kam iyyuu, iddoo aarsaa sanaa fi wantoota isa irra jiran hundumaatiin kakata; 21 namni mana qulqullummaatiin kakatu kam iyyuu, mana qulqullummaa sanaa fi isa achi jiraatu+ sanaan kakata; 22 akkasumas namni samiidhaan kakatu kam iyyuu, teessoo Waaqayyoo fi isa teessoo sana irra taaʼuun kakata.

23 “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Sababiin isaas, kefoo, inchilaalaa fi kamuunii keessaa kurnoo ni kennitu;+ garuu wantoota Seericha keessatti caalaatti barbaachisoo taʼan, jechuunis haqa,+ gara laafinaa+ fi amanamummaa akka laayyootti ilaaltu. Wantoota kana gochuun barbaachisaa taʼus, wantoota kaan akka laayyootti ilaaluu hin qabdan turtan.+ 24 Geggeessitoota jaamota+ nana, isin bookee+ calaltanii baastu, gaala+ garuu ni liqimsitu!

25 “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin kubbaayyaa fi saanii ala isaa ni qulqulleessitu;+ keessi isaa garuu sassataa*+ fi ofittummaadhaan kan guutame dha.+ 26 Fariisicha jaamaa nana, dura kubbaayyaa fi saanii sana keessa isaa qulqulleessi; sana booda alli isaas qulqulluu ni taʼa.

27 “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana,+ isiniif wayyoo! Isin awwaala nooraa dibamee+ alli isaa bareeduu fi keessi isaa garuu lafee namoota duʼanii fi xuraaʼummaa akaakuu hundumaatiin guutame fakkaattu. 28 Alaan qajeelota fakkaattanii namootatti mulʼattu; keessi keessan garuu fakkeessaa fi hamminaan kan guutame dha.+

29 “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota+ nana, isiniif wayyoo! Isin awwaala raajotaa ni ijaartu; awwaala* qajeelotaas ni miidhagsitu;+ 30 akkasumas, ‘Bara abbootii keenyaatti utuu jiraanneerra taʼee, dhiiga raajotaa dhangalaasuu irratti isaanii wajjin hin hirmaannu turre’ jettu. 31 Kanaafuu, isin ilmaan warra raajota ajjeesan sanaa taʼuu keessan of irratti ragaa baʼaa jirtu.+ 32 Egaa, hojii abbootiin keessan jalqaban fiixaan baasaa.*

33 “Bofootaa fi ilmaan buutii nana,+ isin murtii Gahaannam*+ irraa akkamitti ooluu dandeessu? 34 Kanaan kan kaʼes, ani raajota,+ namoota ogeeyyii fi barsiisota sabaa+ isinitti nan erga. Isinis isaan keessaa tokko tokko ni ajjeestu,+ tokko tokko muka irratti fannistu, tokko tokko immoo manneen sagadaa keessan keessatti garaftu,+ akkasumas magaalaa isa tokkoo gara magaalaa isa kan biraatti ariʼattu;+ 35 kanaafuu, dhiiga Abeel nama qajeelaa+ sana irraa jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas ilma Baaraakiyaa, isa mana qulqullummaa fi iddoo aarsaa gidduutti+ ajjeestaniitti, dhiiga namoota qajeeloo lafa irratti dhangalaʼe hundumaatiif itti gaafatamtu. 36 Dhuguman isiniin jedha, wantoonni kun hundi dhaloota kana irra ni gaʼu.

37 “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, raajota kan ajjeestu, warra gara keetti ergamanis dhagaadhaan kan tumtu,+ akkuma lukkuun cuucota ishii qoochoo* ishii jalatti walitti qabdu ijoollee kee siʼa meeqan walitti qabuu barbaade! Isin garuu hin barbaanne.+ 38 Kunoo, manni keessan isiniif ni dhiifama.*+ 39 Ani isiniin nan jedha, ‘Inni maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha’+ hanga jettanitti, ammaa jalqabee matumaa ana hin argitan.”

24 Yesuus mana qulqullummaa keessaa baʼee utuu deemaa jiruu, barattoonni isaa gamoowwan mana qulqullummaa isatti argisiisuuf gara isaa dhufan. 2 Innis deebisee, “Wantoota kana hunda ni argitu mitii? Dhuguman isiniin jedha, dhagaan kun utuu hin jigin matumaa akka wal irra kaaʼametti hin hafu”+ isaaniin jedhe.

3 Yesuus utuu Gaara Ejersaa irra taaʼee jiruu barattoonni isaa kophaatti gara isaa dhufanii, “Nutti himi, wantoonni kun yoom raawwatamu? Mallattoon argama*+ keetii fi kan dhuma sirna* kanaa maali dha?”+ isaan jedhan.

4 Yesuusis akkana jedhee isaaniif deebise: “Eenyu iyyuu akka isin hin dogoggorsine of eeggadhaa;+ 5 sababiin isaas, namoonni hedduun, ‘Ani Kiristoosi’ jedhanii maqaa kootiin ni dhufu; namoota hedduus ni dogoggorsu.+ 6 Waraanaa fi oduu waraanaa ni dhageessu. Wantoonni kun taʼuu waan qabaniif, akka hin sodaanne of eeggadhaa; dhumni sirnichaa garuu hin geenye.+

7 “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa;+ akkasumas hanqinni nyaataa+ fi kirkirri lafaa bakka garaa garaatti ni taʼa.+ 8 Haa taʼu malee, wantoonni kun hundi jalqaba ciniinsuu ti.

9 “Yeroo sanatti namoonni rakkinaaf dabarsanii isin kennu,+ isin ajjeesus;+ maqaa kootiin kan kaʼe saboota hundumaa biratti ni jibbamtu.+ 10 Kana malees, namoonni hedduun ni gufatu; akkasumas wal ganu, wal jibbus. 11 Raajonni sobaa hedduun kaʼanii namoota hedduu ni dogoggorsu;+ 12 hamminni dabalaa waan deemuuf, jaalalli namoota hedduu ni qabbanaaʼa. 13 Namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu garuu ni fayya.+ 14 Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama;+ sana booda dhumni ni dhufa.

15 “Kanaafuu, akkuma Daaniʼel raajichi dubbate wanti balfamaan badiisa geessisu iddoo qulqulluu dhaabbatee yommuu argitan+ (inni dubbisu haa hubatu), 16 yeroo sanatti warri Yihudaa keessa jiran gara gaarotaatti haa baqatan.+ 17 Namni baaxii manaa irra jiru mana isaa keessaa miʼa fudhachuuf gad hin buʼin; 18 namni maasii keessa jirus uffata isaa fudhachuuf hin deebiʼin. 19 Guyyoota sanatti dubartoota ulfaa fi dubartoota hoosisaniif wayyoo! 20 Yeroon itti baqattan waqtii gannaatti yookiin guyyaa Sanbataatti akka hin taane kadhachuu keessan itti fufaa; 21 sababiin isaas, yeroo sanatti rakkinni guddaan+ jalqaba addunyaatii kaasee hanga ammaatti taʼee hin beeknee fi lammatas hin taane ni dhufa.+ 22 Guyyoonni sun utuu hin gabaabbanne taʼee, eenyu iyyuu* ooluu hin dandaʼu ture; haa taʼu malee, guyyoonni sun warra filatamaniif jecha ni gabaabbatu.+

23 “Yeroo sanatti eenyu iyyuu, ‘Kunoo, Kiristoos as jira!’+ yookiin ‘Achi jira!’ yoo isiniin jedhe hin amaninaa.+ 24 Sababiin isaas, Kiristoosonni sobaa fi raajonni sobaa+ kaʼanii yoo isaaniif dandaʼame warra filataman illee dogoggorsuuf mallattoowwan guguddaa fi dinqiiwwan ni hojjetu.+ 25 Egaa, ani dursee isin akeekkachiiseera. 26 Kanaafuu namoonni, ‘Kunoo, inni lafa onaa keessa jira’ yoo isiniin jedhan achi hin deeminaa; ‘Kunoo, inni gola keessa jira’ yoo isiniin jedhanis hin amaninaa.+ 27 Sababiin isaas, akkuma bakakkaan baha biiftuutii kaʼee hanga lixa biiftuutti ibsu, argamni* Ilma namaas akkanuma ni taʼa.+ 28 Bakka raqni jiru hundumaatti risaan* achitti wal gaʼa.+

29 “Rakkina guyyoota sanaa booda yeruma sana aduun ni dukkanoofti,+ addeessis ifa ishii hin kennitu, urjiileen samii irraa ni kukkufu, humnoonni samiis ni raafamu.+ 30 Yeroo sanatti mallattoon Ilma namaa+ samii irratti ni mulʼata; gosoonni lafa irraa hundi gaddaan qoma isaanii ni rurrukutu;+ isaan Ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa samiitiin yommuu dhufu ni argu.+ 31 Inni maleekota isaa sagalee malakataa guddaadhaan ni erga; isaanis warra isaaf filataman bubbeewwan arfan irraa, andaara samii isa tokkoo hanga isa kan biraatti walitti ni qabu.+

32 “Muka harbuu irraa fakkeenya kana baradhaa: Yeroo dameen isaa latee baala baafatu bonni akka dhihaate ni beektu.+ 33 Haaluma wal fakkaatuun isinis wantoota kana hunda yommuu argitan, inni balbalatti akka dhihaate+ beekaa. 34 Dhuguman isiniin jedha, wantoonni kun hundi hamma raawwatamanitti, dhaloonni kun matumaa hin darbu. 35 Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu matumaa hin darbu.+

36 “Waaʼee guyyaa sanaa fi saʼaatii sanaa, Abbaa qofa malee kan beeku tokko illee hin jiru;+ maleekonni samiis taʼan Ilmi hin beekan.+ 37 Sababiin isaas, akkuma bara Nohitti taʼee ture,+ argamni* Ilma namaas akkasuma ni taʼa.+ 38 Bara Bishaan Badiisaa dura ture sanatti hanga guyyaa Noh doonichatti galetti,+ akkuma namoonni nyaachaa, dhugaa, dhiironni fuudhaa, dubartoonnis heerumaa turan, 39 akkasumas hanga Bishaan Badiisaa sun dhufee hunduma isaanii haree sokketti+ akkuma hin hubanne, argamni Ilma namaas akkanuma ni taʼa. 40 Yeroo sanatti, namoonni lama maasii keessatti hojjetu; inni tokko ni fudhatama, inni tokko immoo ni dhiifama. 41 Dubartoonni lama dhagaa daakuutiin daaku; ishiin tokko ni fudhatamti, ishiin tokko immoo ni dhiifamti.+ 42 Kanaafuu, Gooftaan keessan guyyaa kamitti akka dhufu waan hin beekneef, yeroo hundumaa dammaqaa eegaa.+

43 “Garuu wanta kana beekaa: Abbaan manaa tokko hattuun saʼaatii meeqatti* akka dhufu+ utuu beekee, dammaqee eeguudhaan manni isaa cabsamee akka hin saamamne godha ture.+ 44 Kanaafuu, isinis Ilmi namaa saʼaatii isin hin yaadnetti waan dhufuuf qophaaʼoo taʼaa.+

45 “Garbichi amanamaanii fi ogeessi,* yeroo sirrii taʼetti nyaata isaanii akka isaaniif kennu gooftaan isaa maatii isaa irratti muude dhuguma eenyu?+ 46 Gooftaan isaa dhufee utuu inni akkana godhuu yoo isa arge garbichi sun gammadaa dha!+ 47 Dhuguman isiniin jedha, inni qabeenya isaa hundumaa irratti isa muuda.

48 “Haa taʼu malee, garbichi hamaan sun garaa isaatti, ‘Gooftaan koo ni tura’ jedhee yaaduudhaan,+ 49 warra akkuma isaa garboota taʼan reebuu, akkasumas warra machooftuu wajjin nyaachuu fi dhuguu yoo jalqabe, 50 gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti+ dhufee 51 adaba guddaa isa adaba; qoodni isaas fakkeessitootaa wajjin akka taʼu godha. Achittis ni booʼa, ilkaan isaas ni qara.+

25 “Kana malees, Mootummaan samii durboota kudhan misirricha+ simachuuf ibsaa+ isaanii fudhatanii gad baʼanii wajjin wal fakkaata. 2 Isaan keessaa shan gowwoota, shan immoo hubatoo*+ turan. 3 Warri gowwoonni ibsaa isaanii kan qabatan taʼus, zayitii dabalataa garuu hin qabanne turan. 4 Warri hubatoon garuu ibsaa isaanii wajjin zayitii dabalataa qodaatti qabatanii turan. 5 Taʼus misirrichi waan tureef hundi isaanii ni mugan, akkasumas ni rafan. 6 Halkan walakkaa sagalee guddaan, ‘Misirrichi kunoo ti! Gad baʼaa isa simadhaa’ jedhu ni dhagaʼame. 7 Yeroo kanatti durboonni sun hundi kaʼanii ibsaa isaanii qopheeffatan.+ 8 Warri gowwoonni warra hubatoo sanaan, ‘Ibsaan keenya dhaamuuf waan jedhuuf, zayitii keessan irraa xinnoo nuu kennaa’ jedhan. 9 Warri hubatoon sun garuu, ‘Tarii nuu fi isiniif gaʼuu dhiisuu dandaʼa. Dhaqaatii warra zayitii gurguran biraa bitadhaa’ jedhanii isaaniif deebisan. 10 Utuu isaan bitachuu dhaqaa jiraniis misirrichi ni dhufe. Durboonni qophaaʼoo turan isaa wajjin gara cidha gaaʼelaa+ sanatti seenan; balballis ni cufame. 11 Sana booda immoo durboonni kaan dhufanii, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nuu bani!’+ jedhan. 12 Innis, ‘Dhuguman isiniin jedha, ani isin hin beeku’ jedhee isaaniif deebise.

13 “Egaa, isin guyyichas taʼe saʼaaticha waan hin beekneef+ dammaqaa eegaa.+

14 “Mootummaan samii nama biyya fagoo dhaquuf jedhee, garboota isaa ofitti waamee qabeenya isaa imaanaadhaan isaanitti kennee+ wajjin wal fakkaata. 15 Innis akkuma dandeettii isaaniitti isa tokkoof taalaantii* shan, isa tokkoof taalaantii lama, isa tokkoof immoo taalaantii tokko kennee gara biyya fagoo dhaqe. 16 Inni taalaantii shan fudhate yeruma sana dhaqee ittiin daldalee taalaantii dabalataa shan irraa buufate. 17 Haaluma wal fakkaatuun, inni taalaantii lama fudhates, taalaantii dabalataa lama irraa buufate. 18 Garbichi taalaantii tokko qofa fudhate garuu, dhaqee lafa qotee maallaqa* gooftaa isaa awwaale.

19 “Yeroo dheeraa boodas, gooftaan garboota sanaa dhufee maallaqa isaa isaanii wajjin herregate.+ 20 Kanaafuu, inni taalaantii shan fudhate taalaantii dabalataa shan fidee gara isaa dhufee, ‘Yaa Gooftaa, taalaantii shan imaanaadhaan natti kennitee turte; kunoo, ani immoo taalaantii dabalataa shan irraa buufadheera’+ isaan jedhe. 21 Gooftaan isaas, ‘Garbicha gaarii fi amanamaa nana, baʼeessa goote! Ati wantoota muraasa irratti amanamaa taateetta. Ani immoo wantoota hedduu irratti sin muuda.+ Gara gammachuu gooftaa keetti seeni’+ isaan jedhe. 22 Itti aansuudhaan, inni taalaantii lama fudhate gara isaa dhufee, ‘Yaa Gooftaa, taalaantii lama imaanaadhaan natti kennitee turte; kunoo, ani immoo taalaantii dabalataa lama irraa buufadheera’+ jedhe. 23 Gooftaan isaas, ‘Garbicha gaarii fi amanamaa nana, baʼeessa goote! Ati wantoota muraasa irratti amanamaa taateetta. Ani immoo wantoota hedduu irratti sin muuda. Gara gammachuu gooftaa keetti seeni’ isaan jedhe.

24 “Dhuma irrattis garbichi taalaantii tokko fudhate gara isaa dhufee akkana jedhe: ‘Yaa Gooftaa, ati nama gara jabeessa bakka itti hin facaafannee haammattu, wanta itti hin dadhabnes sassaabbattu taʼuu kee beeka.+ 25 Kanaafuu, sodaadheen dhaqee taalaantii kee lafa keessa awwaale. Maallaqni kee kunoo ti.’ 26 Gooftaan isaas akkana jedhee isaaf deebise: ‘Garbicha hamaa fi dhibaaʼaa nana, ani bakkan itti hin facaafannee kanan haammadhu, wantan itti hin dadhabnes kanan sassaabbadhu taʼuu koo beekta turtee? 27 Erga akkana taʼee, yommuun deebiʼee dhufu dhala isaa wajjin akkan fudhadhutti, maallaqa* koo daldaltoota* bira naaf kaaʼuu qabda turte.

28 “‘Kanaafuu, taalaanticha isa harkaa fuudhaatii isa taalaantii kudhan qabu sanaaf kennaa.+ 29 Sababiin isaas, isa qabu hundaaf dabalataan ni kennama; innis irraa hafaa ni qabaata. Isa hin qabne irraa garuu wanti inni qabu iyyuu isa irraa ni fudhatama.+ 30 Garbicha gatii hin qabne kana dukkana ala jirutti gad darbadhaa. Achittis ni booʼa, ilkaan isaas ni qara.’

31 “Ilmi namaa+ ulfina isaatiin maleekota isaa hundumaa wajjin yommuu dhufu,+ teessoo isaa isa ulfina qabeessa irra ni taaʼa. 32 Saboonni hundi isa duratti walitti ni qabamu; innis akkuma tikseen tokko hoolota reʼoota irraa gargar foʼu, namoota gargar foʼa. 33 Hoolota+ karaa mirga isaa, reʼoota garuu karaa bitaa isaa dhaaba.+

34 “Achiis Mootichi warra karaa mirga isaa jiraniin akkana jedha: ‘Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa; Mootummaa isa yeroo addunyaan hundeeffamee jalqabee isiniif qophaaʼe sana dhaalaa. 35 Sababiin isaas, ani beelaʼee na nyaachistaniittu; dheebodhee na obaastaniittu. Keessummaa taʼee na simattaniittu;+ 36 daaree daara na baastaniittu.+ Dhukkubsadhee na kunuunsitaniittu. Hidhamees na gaafattaniittu.’+ 37 Achiis qajeelonni akkana jedhanii isaaf deebisu: ‘Yaa Gooftaa, yoom beeloftee si arginee si nyaachisne? Yookiin yoom dheebottee si arginee si obaasne?+ 38 Yoom keessummaa taatee si arginee si simanne? Yookiin yoom daartee si arginee daara si baasne? 39 Yoom dhukkubsattee yookiin hidhamtee si arginee si gaafanne?’ 40 Mootichis, ‘Dhuguman isiniin jedha, wanti obboloota koo warra hundumaa irra xinnaatan kana keessaa isa tokkoof gootan, akka anaaf gootanitti lakkaaʼama’+ jedhee isaaniif deebisa.

41 “Achiis mootichi warra karaa bitaa isaa jiraniin akkana jedha: ‘Isin abaaramoo nana, ana irraa fagaadhaa!+ Gara ibidda bara baraa+ isa Diyaabilosii fi maleekota isaatiif+ qophaaʼee deemaa. 42 Sababiin isaas, ani beelaʼee na hin nyaachisne; dheebodhee na hin obaasne. 43 Keessummaa taʼee na hin simanne; daaree daara na hin baasne; dhukkubsadhee fi hidhamee na hin gaafanne.’ 44 Isaanis, ‘Yaa Gooftaa, yoom beeloftee yookiin dheebottee yookiin keessummaa taatee yookiin daartee yookiin dhukkubsattee yookiin hidhamtee si arginee utuu si hin tajaajilin hafne?’ jedhanii isaaf deebisu. 45 Mootichis, ‘Dhuguman isiniin jedha, wanti obboloota koo warra hundumaa irra xinnaatan kana keessaa isa tokkoof utuu hin godhin haftan, anaaf utuu hin godhin akka haftanitti lakkaaʼama’+ jedhee isaaniif deebisa. 46 Warri kun gara badiisa* bara baraatti,+ qajeelonni garuu gara jireenya bara baraatti+ deemu.”

26 Yesuus wantoota kana hunda dubbatee yommuu xumuru, barattoota isaatiin akkana jedhe: 2 “Akkuma beektan guyyaa lama booda Ayyaanni Faasikaa ni kabajama;+ Ilmi namaas muka irratti akka fannifamuuf dabarfamee ni kennama.”+

3 Yeroo kanatti dura buutonni lubootaa fi maanguddoonni sabichaa mooraa mana luba ol aanaa Qayyaafaa+ jedhamuu keessatti walitti qabamanii, 4 haxxummaadhaan Yesuusiin qabanii ajjeesuuf mariʼatan.+ 5 Haa taʼu malee, “Uummaticha gidduutti jeequmsi akka hin uumamnetti, yeroo ayyaanichaatti taʼuu hin qabu” jedhan.

6 Yesuus Bitaaniyaa keessa mana Simoon isa dhukkuba nadaayiitiin qabamee ture sanaa utuu jiruu,+ 7 dubartiin takka zayitii urgaaʼuu fi gatii guddaa qabu qaruuraa albaasxiroositti fiddee gara isaa dhuftee, utuu inni maaddiitti dhihaatee jiruu mataa isaa irratti dhangalaasuu jalqabde. 8 Barattoonni isaa kana yommuu argan aaranii akkana jedhan: “Wanti kun maaliif lafatti bada? 9 Kun maallaqa hedduutti gurguramee hiyyeeyyiidhaaf kennamuu dandaʼa ture.” 10 Yesuusis kana beekee akkana isaaniin jedhe: “Dubartii tana maaliif rakkistu? Ishiin wanta gaarii anaaf gooteetti. 11 Hiyyeeyyiin yeroo hunda isinii wajjin jiru;+ anaan garuu yeroo hunda hin argattan.+ 12 Ishiin zayitii urgaaʼu kana qaama koo irratti dhangalaastee awwaalaaf na qopheessiteetti.+ 13 Dhuguman isiniin jedha, guutummaa addunyaa irratti bakka misiraachoon kun lallabamu hundatti, wanti dubartiin tun gootes yaadannoo ishiitiif ni dubbatama.”+

14 Sana booda warra Kudha Lamaan keessaa tokko kan taʼe Yihudaan inni Asqoroticha+ jedhamu gara dura buutota lubootaa dhaqee,+ 15 “Yoon isa dabarsee isinitti kenne+ maal naa kennitu?” isaaniin jedhe. Isaanis saantima meetii 30+ isaaf kennuuf waadaa galan. 16 Kanaafuu, yeroo sanaa kaasee dabarsee isa kennuuf carraa gaarii barbaaduu jalqabe.

17 Guyyaa jalqabaa Ayyaana Maxinootti*+ barattoonni Yesuus gara isaa dhufanii, “Faasikaa akka nyaattu eessatti akka siif qopheessinu barbaadda?”+ isaan jedhan. 18 Innis akkana isaaniin jedhe: “Gara magaalaa dhaqaatii nama abalu jedhamuun, ‘Barsiisaan, “Yeroon koo inni murteeffame dhihaateera; barattoota koo wajjin Ayyaana Faasikaa mana keettan kabaja” jedheera’ jedhaa itti himaa.” 19 Kanaafuu, barattoonni akkuma Yesuus isaan ajaje godhan; Faasikaas ni qopheessan.

20 Yommuu dhihus+ inni barattoota isaa 12nii wajjin maaddiitti dhihaate.+ 21 Utuma nyaachaa jiraniis, “Dhuguman isiniin jedha, isin keessaa tokko dabarsee na kenna”+ jedhe. 22 Isaanis kanatti baayʼee gaddanii, hundi isaanii tokko tokkoon, “Yaa Gooftaa, ana taʼinnaa laata?” isaan jechuu jalqaban. 23 Innis akkana jedhee deebise: “Inni dabarsee na kennu, isa anaa wajjin saanii keessaa cuuphatu dha.+ 24 Dhugaa dha, Ilmi namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffametti ni deema; isa karaa isaa Ilmi namaa dabarfamee kennamu+ sanaaf garuu wayyoo!+ Namni sun utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”+ 25 Yihudaan inni dabarsee isa kennuuf jedhus deebisee, “Rabbii, ana taʼinnaa laata?” jedhe. Yesuusis, “Atumti iyyuu jette kaa” isaan jedhe.

26 Utuu nyaachaa jiranii, Yesuus maxinoo fuudhee erga eebbisee booda, caccabsee+ barattoota isaatiif kennuudhaan, “Fudhadhaa nyaadhaa. Kun foon koo argisiisa”+ isaaniin jedhe. 27 Xoofoos fuudhee erga galateeffatee booda isaaniif kennee akkana jedhe: “Hundi keessan isa keessaa dhugaa;+ 28 kun dhiiga koo isa ‘dhiiga+ kakuu’+ taʼee fi namoota hedduudhaaf dhiifama cubbuu+ argamsiisuuf dhangalaʼu+ argisiisa. 29 Haa taʼu malee, isinitti nan hima, hamma guyyaa ani Mootummaa Abbaa koo keessatti wayinii isa haaraa isinii wajjin dhugu sanaatti, matumaa lammata wayinii kana irraa hin dhugu.”+ 30 Dhuma irrattis faarfannaa galataa erga faarfatanii booda baʼanii gara Gaara Ejersaa deeman.+

31 Achiis Yesuus akkana isaaniin jedhe: “‘Ani tiksee sana nan rukuta, tuutni hoolotaas ni bittinnaaʼu’+ jedhamee waan barreeffameef, halkan kana hundi keessan sababii kootiin ni gufattu. 32 Haa taʼu malee, ergan duʼaa kaafamee booda, isin dursee gara Galiilaa nan dhaqa.”+ 33 Pheexiros garuu, “Warri kaan hundi sababii keetiin yoo gufatan illee, ani matumaa hin gufadhu!”+ isaan jedhe. 34 Yesuusis, “Dhuguman siin jedha, halkan kana kormaan indaaqqoo iyyuu isaa dura, siʼa sadii na ganta”+ isaan jedhe. 35 Pheexiros garuu, “Sii wajjin duʼuun qaba yoo taʼe illee, ani matumaa si hin ganu”+ isaan jedhe. Barattoonni kaan hundis akkanuma jedhan.

36 Sana booda Yesuus isaanii wajjin gara bakka Getesemaanee+ jedhamu dhufe; barattoota isaatiinis, “Ani yommuun achi dhaqee kadhadhu isin asuma taaʼaa”+ jedhe. 37 Achiis Pheexirosii fi ilmaan Zabdewos lamaan fudhatee deemee, gadduu fi akka malee jeeqamuu jalqabe.+ 38 Sana booda, “Ani* hamma duʼaatti baayʼee gaddeera. Asuma turaatii anaa wajjin dammaqaa eegaa”+ isaaniin jedhe. 39 Isaan irraa xinnoo gara fuulduraatti siqee adda isaatiin gombifamee, “Yaa Abbaa koo, yoo dandaʼame xoofoon+ kun ana irraa haa darbu. Taʼus akka fedhii koo utuu hin taʼin, akka fedhii kee haa taʼu”+ jedhee kadhate.+

40 Gara barattoota isaatti yommuu deebiʼu rafanii isaan arge; Pheexirosiinis akkana jedhe: “Saʼaatii tokkoof illee anaa wajjin dammaqxanii eeguu hin dandeenyee?+ 41 Qorumsatti akka hin galleef+ dammaqaa eegaa,+ kadhachuu keessanis itti fufaa.+ Dhugaa dha, hafuurri qophaaʼaa dha;* foon garuu dadhabaa dha.”+ 42 Ammas yeroo lammataatiif deemee, “Yaa Abbaa koo, xoofoon kun utuu ani hin dhugin darbuu hin dandaʼu taanaan, fedhiin kee haa raawwatamu”+ jedhee kadhate. 43 Ammas deebiʼee yeroo dhufu akka malee hirribni isaan qabee* waan tureef rafanii isaan arge. 44 Ammas achumatti isaan dhiisee deemuudhaan, siʼa sadaffaadhaaf waanuma duraan kadhate sana irra deebiʼee kadhate. 45 Achiis gara barattoota isaatti deebiʼee akkana isaaniin jedhe: “Yeroon kun yeroo itti raftanii fi yeroo itti boqottan miti! Kunoo, saʼaatiin Ilmi namaa harka cubbamootaatti dabarfamee itti kennamu dhihaateera. 46 Kaʼaa, haa deemnu. Kunoo, inni dabarsee na kennu dhihaateera.” 47 Utuma inni dubbachaa jiruus, kunoo, Yihudaan inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe ni dhufe; namoonni dura buutota lubootaa fi maanguddoota sabichaa biraa ergaman hedduun goraadee fi ulee qabatanii isaa wajjin turan.+

48 Inni dabarsee isa kennus, “Inni ani dhungadhu isa dha; isa qabaa” jedhee mallattoo isaaniif kennee ture. 49 Achiis kallattiidhaan gara Yesuus dhaqee, “Rabbii, nagaan siif haa taʼu!” jedhee isa dhungate. 50 Yesuus garuu, “Yaa michuu koo, kaayyoo maaliitiif dhufte?”+ isaan jedhe. Yeroo kanatti namoonni sun dhufanii Yesuusiin qabanii toʼannaa jala isa galchan. 51 Warra Yesuusii wajjin turan keessaa tokko garuu goraadee isaa luqqifatee gurra garbicha luba ol aanaa rukutee isa irraa kute.+ 52 Yesuus garuu akkana isaan jedhe: “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi;+ warri goraadee luqqifatan hundi goraadeedhaan badu.+ 53 Ani leegewoonii* maleekotaa 12 ol+ ammuma akka anaaf ergu Abbaa koo kadhachuu waanan hin dandeenye sitti fakkaataa? 54 Taanaan, wanti Kitaabonni Qulqulluun kun taʼuu akka qabu dubbatan akkamitti raawwatama ree?” 55 Saʼaatii sanatti Yesuus namoota sanaan akkana jedhe: “Akka nama saamtuu qabuutti goraadee fi ulee qabattanii ana qabuu dhuftanii? Guyyuma guyyaadhaan mana qulqullummaa keessa taaʼee barsiisaan+ ture; isin garuu na hin qabne.+ 56 Haa taʼu malee, kun hundi kan taʼe, wanti raajonni barreessan* akka raawwatamuufi.”+ Yeroo kanatti barattoonni isaa hundi isa dhiisanii baqatan.+

57 Warri Yesuusiin qabanis, iddoo barsiisonni seeraa fi maanguddoonni itti walitti qabamanitti, gara Qayyaafaa+ luba ol aanaatti isa geessan.+ 58 Pheexiros garuu hamma mooraa luba ol aanaa sanaatti, irraa fagaatee isa duukaa buʼa ture; erga ol seenee boodas wanta taʼu ilaaluuf tajaajiltoota manicha keessa jiranii wajjin taaʼe.+

59 Yeroo kanatti dura buutonni lubootaa fi guutummaan yaaʼii Saanhedriin,* Yesuusiin ajjeesuuf ragaa sobaa isa irratti barbaadu turan.+ 60 Haa taʼu malee, ragaa baatonni sobaa hedduun kan dhihaatan+ taʼus, ragaa quubsaa tokko illee hin arganne. Booda garuu ragaa baatonni lama dhihaatanii, 61 “Namichi kun, ‘Ani mana qulqullummaa Waaqayyoo diigee guyyaa sadiitti deebisee ijaaruu nan dandaʼa’+ jedheera” jedhan. 62 Yeroo kanatti lubni ol aanaan ol kaʼee, “Deebii tokko illee hin kennituu? Wanta namoonni kun si irratti ragaa baʼan ilaalchisee maal jetta?”+ isaan jedhe. 63 Yesuus garuu calluma jedhe.+ Kanaafuu lubni ol aanaan, “Ati Kiristoos Ilma Waaqayyoo taʼuu fi dhiisuu kee akka nutti himtu,+ Waaqayyo isa jiraataadhaan sin kakachiisa!” isaan jedhe. 64 Yesuusis akkana isaan jedhe: “Atumti iyyuu jette kaa. Ani garuu isinitti nan hima, ammaa jalqabee Ilmi namaa+ mirga isa humna qabeessa sanaa taaʼee,+ duumessa samiitiin yommuu dhufu ni argitu.”+ 65 Yeroo kanatti lubni ol aanaan sun uffata isaa isa irratti uffatu tarsaasee akkana jedhe: “Waaqayyoon arrabseera! Kana caalaa ragaa baatota dabalataa maaliitu nu barbaachisa? Kunoo, Waaqayyoon arrabsuu isaa isin iyyuu dhageessaniittu. 66 Maarree maal isinitti fakkaata?” Isaanis, “Duʼuu qaba”+ jedhanii deebisan. 67 Achiis isaan fuula isaatti tufan;+ akkasumas abootteedhaan isa rukutan.+ Warri kaan immoo isa kabalanii,+ 68 “Yaa Kiristoos, raajii dubbadhu. Eenyutu si rukute?” isaan jedhan.

69 Yeroo kanatti Pheexiros mooraa keessa ala taaʼee ture; tajaajiltuun takkas gara isaa dhuftee, “Atis Yesuus namicha Galiilaa sanaa wajjin turte!”+ isaan jette. 70 Inni garuu, “Ani wanta ati dubbachaa jirtu kana hin beeku” jedhee hunduma isaanii duratti gane. 71 Yommuu inni gara balbala mooraa sanaa deemus shamarreen kan biraan isa argitee, “Namichi kun Yesuus nama Naazireet sanaa wajjin ture”+ jettee warra achi jiranitti himte. 72 Ammas, “Ani namicha kana hin beeku!” jedhee kakachuudhaan gane. 73 Yeroo muraasa boodas, namoonni naannoo sana dhaabbatan gara Pheexiros dhufanii, “Atis dhuguma iyyuu isaan keessaa tokko dha; akkaataan dubbii kee* iyyuu si saaxila” isaan jedhan. 74 Yeroo kanatti Pheexiros, “Ani namicha kana hin beeku!” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe. Yeruma sanas kormaan indaaqqoo ni iyye. 75 Pheexirosis, Yesuus, “Kormaan indaaqqoo iyyuu isaa dura, siʼa sadii na ganta”+ jedhee akka ture yaadate. Achiis gad baʼee hirqinfatee booʼe.

27 Yommuu bariʼus, dura buutonni lubootaa fi maanguddoonni sabichaa hundi Yesuusiin ajjeesuuf isa irratti mariʼatan.+ 2 Erga isa hidhanii boodas, geessanii Philaaxos isa bulchaa taʼetti dabarsanii isa kennan.+

3 Yeroo kanatti Yihudaan inni dabarsee isa kenne, Yesuusitti murteeffamuu isaa yommuu argu, gaabbee saantima meetii 30 sana dura buutota lubootaa fi maanguddootatti deebisuudhaan,+ 4 “Ani dhiiga nama qulqulluu dabarsee kennuudhaan cubbuu hojjedheera” jedhe. Isaanis, “Maaltu nu  galche ree? Dhimma mataa kee ti!”  jedhan. 5 Kanaafuu, inni saantima meetii sana mana qulqullummaa keessatti darbatee deeme. Achiis dhaqee of fannise.+ 6 Dura buutonni lubootaa garuu saantima meetii sana fuudhanii, “Kun gatii dhiigaa waan taʼeef, mana qabeenyaa isa qulqulluu taʼe keessa kaaʼuun seeraan dhorkamaa dha” jedhan. 7 Erga mariʼatanii boodas, keessummootaaf bakka awwaalchaa akka taʼuuf maallaqichaan lafa namicha suphe dhooftuu tokkoo bitan. 8 Kanaan kan kaʼes, lafti sun hanga harʼaatti Lafa Dhiigaa+ jedhamee waamama. 9 Yeroo kanatti wanti karaa Ermiyaas raajichaa akkana jedhamee dubbatame ni raawwatame: “Gatii namichaaf shallagame, gatii ijoolleen Israaʼel tokko tokko shallagan, saantima meetii 30 fuudhanii, 10 akkuma Yihowaan* na ajajetti, gatii lafa namicha suphe dhooftuu sanaa ni kaffalan.”+

11 Yeroo kanatti Yesuus bulchaa sana duratti dhiheeffame; bulchaan sunis, “Ati Mootii Yihudootaa tii?” jedhee isa gaafate. Yesuusis, “Atumti iyyuu jette kaa”+ jedhee isaaf deebise. 12 Yeroo dura buutonni lubootaa fi maanguddoonni isa himatanitti garuu deebii tokko illee hin kennine.+ 13 Yeroo kanatti Philaaxos, “Wanta meeqaan si irratti ragaa baʼaa akka jiran hin dhageessuu?” isaan jedhe. 14 Inni garuu wanta tokko illee waan isaaf hin deebisneef, bulchaan sun baayʼee dinqisiifate.

15 Bulchaan sun yeroo hunda guyyaa ayyaanaatti nama uummanni sun akka isaaniif hiikamu barbaadan kam iyyuu hiikuu barsiifata godhatee ture.+ 16 Yeroo sanatti namichi Barbaan jedhamuu fi hammeenya hojjechuudhaan beekamu tokko hidhamee ture. 17 Kanaafuu, yommuu isaan walitti qabaman Philaaxos, “Eenyuun akkan isiniif hiiku barbaaddu? Barbaaniin moo Yesuus isa Kiristoos jedhamu sana?” isaaniin jedhe. 18 Philaaxos kana kan jedhe, dabarsanii kan isa kennan hinaaffaadhaan akka taʼe waan beekuuf ture. 19 Kana malees, Philaaxos barcuma murtii irra taaʼee utuu jiruu haati manaa isaa, “Ani sababii isaatiin eda halkan abjuudhaan baayʼee dhiphachaa waanan buleef, nama qajeelaa sana waan tokko iyyuu akka hin goone” jettee isatti dhaamte. 20 Haa taʼu malee, dura buutonni lubootaa fi maanguddoonni, Barbaan akka isaaniif hiikamu,+ Yesuus garuu akka ajjeefamu akka gaafatan uummaticha amansiisan.+ 21 Bulchaan sunis deebisee, “Lamaan isaanii keessaa eenyuun akkan isiniif hiiku barbaaddu?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Barbaaniin” jedhan. 22 Philaaxosis, “Yesuus isa Kiristoos jedhamu sana maal godhu ree?” isaaniin jedhe. Hundi isaaniis, “Isa fannisi!”*+ jedhan. 23 Innis, “Maaliif? Balleessaa maalii hojjete?” jedhe. Isaan garuu, “Isa fannisi!” jedhanii ittuma caalchisanii iyyuu isaanii itti fufan.+

24 Philaaxos wanti kun jeequmsa kaasuu malee faayidaa akka hin qabne yommuu hubatu, bishaan fudhatee uummaticha duratti harka isaa dhiqatee, “Ani dhiiga namicha kanaatiif itti hin gaafatamu. Isinumatu itti gaafatama” jedhe. 25 Yeroo kanatti namoonni sun hundi, “Dhiigni isaa nuu fi ijoollee keenya irra haa taʼu”+ jedhanii deebisan. 26 Sana booda, Barbaaniin isaaniif hiike; Yesuusiin garuu erga garafsiisee+ booda muka irratti akka fannifamu dabarsee isa kenne.+

27 Achiis loltoonni bulchaa sanaa Yesuusiin fuudhanii gara mana bulchaa sanaatti geessan; sana booda loltoota hunda naannoo isaatti walitti qaban.+ 28 Uffata isaa irraa baasaniis uffata diimaa itti uwwisan;+ 29 qoree irraa gonfoo dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan; harka isaa mirgaatiinis ulee shomboqqoo isa qabsiisan. Isa duratti jilbeenfataniis, “Yaa Mootii Yihudootaa, nagaan siif haa taʼu!” jedhanii itti qoosan. 30 Achiis itti tufan;+ akkasumas ulee shomboqqoo sana fuudhanii mataa isaa rukutuu jalqaban. 31 Dhuma irrattis erga itti qoosanii booda, uffaticha irraa baasanii uffata isaa isa inni irraan uffatu deebisanii itti uwwisuudhaan muka irratti akka fannifamuuf+ fuudhanii deeman.

32 Utuu deemaa jiraniis, nama biyya Qareenaa Simoon jedhamu tokko argatan. Achiis muka* Yesuus itti fannifamu akka baatu isa dirqisiisan.+ 33 Isaanis bakka Golgootaa jedhamu gaʼan; hiikni isaas, “Bakka Buqqee Mataa”+ jechuu dha; 34 achiis daadhii wayinii wanti hadhaaʼu itti makame akka dhugu isaaf kennan;+ inni garuu erga dhandhamee booda dhuguu dide. 35 Muka irratti erga isa fannisanii boodas, carraa buufatanii uffatawwan isaa warra inni irratti uffatu hiratan;+ 36 sana booda achuma taaʼanii isa eegaa turan. 37 Mataa isaatii olittis barreeffama himata isa irratti dhihaate ibsuu fi “Kun Yesuus Mootii Yihudootaa ti”+ jedhu maxxansan.

38 Yeroo sanatti saamtonni lama, inni tokko karaa mirga isaa, inni tokko immoo karaa bitaa isaa isa biratti muka irratti fannifamanii turan.+ 39 Namoonni achiin darbanis isa arrabsu turan;+ mataa isaanii raasaniis,+ 40 “Yaa isa mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu+ nana, of oolchi! Ilma Waaqayyoo yoo taate muka* irratti fannifamte irraa buʼi!”+ jedhu turan. 41 Haaluma wal fakkaatuun, dura buutonni lubootaas barsiisota seeraa fi maanguddootaa wajjin akkana jedhanii isatti qoosuu jalqaban:+ 42 “Warra kaan oolcheera; of oolchuu garuu hin dandeenye! Inni Mootii Israaʼeli;+ mee amma muka* irratti fannifame irraa haa buʼu; nutis isatti ni amanna. 43 Inni Waaqayyoon amanateera; ‘Ani Ilma Waaqayyoo ti’+ waan jedheef, Waaqayyo yoo isa gargaaruu barbaade mee isa haa oolchu.”+ 44 Saamtonni isaa wajjin muka irratti fannifaman illee akkuma kana isa arrabsu turan.+

45 Saʼaatii jaʼaa jalqabee hanga saʼaatii sagaliitti guutummaan lafaa ni dukkanaaʼe.+ 46 Gara saʼaatii sagaliitti Yesuus sagalee guddaadhaan, “Eelii, Eelii, laamaa saabaaqtaanii?” jedhee iyye; hiikni isaas, “Yaa Waaqa koo, yaa Waaqa koo, maaliif na dhiiste?”+ jechuu dha. 47 Warra achi dhaabbatan keessaa tokko tokko yommuu kana dhagaʼan, “Namichi kun Eeliyaasiin waammachaa jira”+ jedhan. 48 Isaan keessaa inni tokko yeruma sana fiigee ispoonjii fudhatee daadhii wayinii dhangaggaaʼaa keessa erga cuuphee booda ulee shomboqqootti diree akka inni dhugu isaaf kenne.+ 49 Warri kaan garuu, “Dhiisi! Mee Eeliyaas dhufee akka isa oolchu ilaalla” jedhan. 50 Ammas Yesuus sagalee guddaadhaan erga iyyee booda hafuura isaa kenne.*+

51 Golgaan mana qulqullummaas+ gararraadhaa hamma gajjallaatti bakka lamatti tarsaʼe;+ lafti ni kirkirte; kattaawwanis ni babbaqaqan. 52 Awwaalonni* ni banaman; reeffota qulqulloota duʼaan boqotan keessaa hedduunis gad baʼan 53 (Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, namoonni awwaala gidduudhaa baʼan gara magaalaa qulqulluutti ni seenan); namoonni hedduunis isaan argan. 54 Haa taʼu malee, ajajaan dhibbaa fi warri isaa wajjin Yesuusiin eegaa turan, kirkira lafaa fi wantoota taʼan sana yommuu argan baayʼee sodaatanii, “Dhuguma iyyuu kun Ilma Waaqayyoo ture”+ jedhan.

55 Dubartoonni hedduun Yesuusiin tajaajiluuf+ Galiilaadhaa isaa wajjin dhufanis fagoo dhaabbatanii ilaalu turan; 56 isaan keessaas Maariyaam ishiin Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoobii fi Yosees, akkasumas haati ilmaan Zabdewos+ jiru turan.

57 Gara galgalaas namichi sooressi biyya Armaatiyaa Yoseef jedhamuu fi barataa Yesuus ture tokko ni dhufe.+ 58 Innis Philaaxos bira dhaqee reeffi Yesuus akka isaaf kennamu gaafate.+ Philaaxosis akka isaaf kennamu+ ajaje. 59 Yoseefis reefficha fuudhee uffata quncee talbaa baʼeessaa fi qulqulluu taʼeen kafanee,+ 60 awwaala* haaraa isa ofii isaatiif kattaa keessatti qopheesse keessa kaaʼe.+ Achiis dhagaa guddaa tokko gara afaan awwaalichaatti* gangalchee erga cufee booda bakka sanaa deeme. 61 Maariyaam ishiin Magdalaa fi Maariyaam ishiin kan biraan garuu awwaala sana dura taaʼanii turan.+

62 Guyyaa itti aanutti, Guyyaan Qophii+ erga darbee booda, dura buutonni lubootaa fi Fariisonni Philaaxos duratti walitti qabamanii 63 akkana jedhan: “Yaa Gooftaa, fakkeessituun sun yeroo lubbuudhaan turetti, ‘Guyyaa sadii booda nan kaafama’+ jedhee akka ture yaadanne. 64 Kanaafuu, barattoonni isaa dhufanii reeffa isaa hatanii+ namootaanis, ‘Inni duʼaa kaʼeera!’ akka hin jenneef, awwaalichi hanga guyyaa sadaffaatti akka eegamu ajaji. Taʼuu baannaan garuu, gowwoomsaan inni boodaa isa duraa irra hammaata.” 65 Philaaxosis, “Eegdota fudhachuu dandeessu. Dhaqaatii akka beektanitti eegsifadhaa” isaaniin jedhe. 66 Kanaafuu, dhaqanii dhagaa sana irratti chaappaa gochuudhaan cimsanii cufan, akkasumas eegdota ramadanii awwaalichi akka eegamu godhan.

28 Sanbanni erga darbee booda, guyyaa jalqabaa torban sanaatti, Maariyaam ishiin Magdalaa fi Maariyaam ishiin kan biraan awwaalicha ilaaluuf ganama barii dhufan.+

2 Kunoo, kirkirri lafaa guddaan ni taʼe; sababiin isaas, maleekaan Yihowaa* samii irraa gad buʼee dhagicha gangalchee ture; innis dhagicha irra taaʼe.+ 3 Maleekaan sun bifti isaa akka bakakkaa ni ifa ture; uffanni isaas akka cabbii adii ture.+ 4 Eegdonni sunis baayʼee waan isa sodaataniif, hollatanii akka nama duʼee taʼan.

5 Maleekaan sun garuu dubartoota sanaan akkana jedhe: “Hin sodaatinaa, Yesuus isa muka irratti fannifamee ture sana barbaadaa akka jirtan ani beeka.+ 6 Inni akkuma jedhee ture duʼaa waan kaafameef amma as hin jiru.+ Kottaa, bakka reeffi isaa kaaʼamee ture ilaalaa. 7 Egaa dafaa dhaqaatii, ‘Inni duʼaa kaʼeera, isin dursee gara Galiilaa ni dhaqa;+ isin achitti isa ni argitu’ jedhaatii barattoota isaatti himaa. Wantan isinitti hime hin irraanfatinaa.”+

8 Kanaafuu, dubartoonni sun yeruma sana awwaala yaadannoo sana biraa kaʼanii, sodaa fi gammachuu guddaadhaan barattoota isaatti himuuf fiigaa deeman.+ 9 Yeroo kanatti Yesuus isaanitti dhufee, “Nagaan isiniif haa taʼu!” jedhe. Isaanis isatti dhihaatanii miila isaa qabatanii isaaf sagadan. 10 Achiis Yesuus, “Hin sodaatinaa! Dhaqaatii gara Galiilaa akka dhaqan obboloota kootti himaa; isaan achitti na argu” isaaniin jedhe.

11 Utuu isaan deemaa jiraniis, eegdonni+ tokko tokko gara magaalaa dhaqanii wanta taʼe hunda dura buutota lubootaatti himan. 12 Isaanis maanguddootaa wajjin walitti qabamanii erga mariʼatanii booda, loltoota sanaaf saantima meetii hedduu kennanii 13 akkana isaaniin jedhan: “‘Barattoonni isaa halkan dhufanii utuu nuti rafaa jirruu reeffa isaa hatan’ jedhaa.+ 14 Wanti kun gurra bulchaa sanaa yoo buʼe, nuti dhimmicha isaaf ni ibsina;* hin yaaddaʼinaa.” 15 Kanaafuu, isaan saantima meetii sana fudhatanii akkuma ajajaman godhan; oduun kunis hanga harʼaatti Yihudoota biratti balʼinaan odeeffama.

16 Barattoonni isaa 11 garuu, gara gaara Galiilaa+ keessatti argamuu fi Yesuus achitti akka wal argan isaanitti hime+ sanaa dhaqan. 17 Yommuu isa arganis isaaf sagadan; tokko tokko garuu isa taʼuu isaa shakkan. 18 Yesuus isaanitti dhihaatee akkana isaaniin jedhe: “Samii fi lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera.+ 19 Kanaafuu, dhaqaatii saboota hundumaa keessaa+ namoota barattoota koo godhaa; maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin isaan cuuphaa;+ 20 wanta ani isin ajaje+ hunda akka eeganis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hanga dhuma sirna* kanaatti+ guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira.”

Ykn., “hidda dhalootaa.”

Ykn., “Masiihichaa; Isa Dibamee.”

Ykn., “humna hojii irra jiruun.”

Akka aadaa Yihudootaatti namoonni wal kaadhimatan akka wal fuudhanitti lakkaaʼama.

Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti maqaan Waaqayyoo inni “Yihowaa” jedhu siʼa 237 kan argamu yeroo taʼu, isaan keessaa kun isa jalqabaa ti. Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Maqaa Afaan Ibrootaa Yeshuwaa ykn Iyyaasuu jedhuu wajjin kan wal fakkaatu yeroo taʼu, “Yihowaan Fayyisaa Dha” jechuu dha.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “barreessitoota.”

Ykn., “Masiihichi; Inni Dibame.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Jecha Afaan Ibrootaa hiika “latuu” jedhu qabu irraa kan argame taʼuu dandaʼa.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ykn., “gad liccisiifamu.”

Ykn., “Battoo.” Miʼa akka akaafaa muka irraa hojjetamuu fi midhaan ittiin ol darbatanii qulleessuuf gargaaru.

Ykn., “makoodiitti; andariitti.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ykn., “Naannoo Magaalota Kurnanii.”

Ykn., “Warri hafuura argachuuf kadhatan.”

Ykn., “naga qabeeyyii taʼan.”

Jechuunis, shaalii. Ykn., “guuboo safaraa.”

Kal., “xiqqaa jedhama.”

Kal., “guddaa jedhama.”

Bakka Yerusaalem alatti kosii itti guban. Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “kuwaadraansii dhumaa.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ykn., “boqoo.”

Kaballaan tuffii argisiisuuf ykn lola kakaasuuf kan raawwatamu dha.

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Jechuunis, dhala malee liqeeffachuu.

Jechi Afaan Giriikii as irratti “michuu” jedhamee hiikame, namoota wal jaallatan qofa utuu hin taʼin nama hunda argisiisuu dandaʼa.

Ykn., “guutuu.”

Ykn., “kennaa hiyyeeyyiidhaaf kennamu.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “qulqulluu taʼee haa qabamu.”

Kal., “idaa irraa qabnuuf.”

Kal., “idaa.”

Jechuunis, Seexana.

Ykn., “of gatu.”

Ykn., “qulqulluu.” Kal., “salphaa.”

Ykn., “ifaan kan guutame.”

Kal., “gadhee; hamaa.”

Ykn., “lubbuu.”

Ykn., “Lubbuun.”

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Dhagaa gatii guddaa qabuu fi qaama qurxummii tokko tokko keessaa argamu.

Ykn., “juzaamiin; qurciitiin.”

Kal., “qulqulleessuu.”

Kal., “Qulqullaaʼi.”

Kal., “qulqullaaʼe.”

Ykn., “naatan.”

Ykn., “awwaala yaadannoo.”

Jechuunis, Qifirnaahom ishii Yesuus yeroo Galiilaa keessatti tajaajilaa turetti yeroo baayʼee keessa taaʼaa ture.

Ykn., “maaddiitti dhihaachuu.”

Kal., “gogaan isaanii irraa baafamee fi gatamanii.”

Ykn., “dabalataa.”

Maqaa Seexana isa mootii ykn bulchaa jinniiwwanii taʼeef kenname dha.

Ykn., “jireenya,” jireenya gara fuulduraa.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “assaariyonii.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “fuula kee dura.”

Ykn., “buʼaa ishiitiin.”

Ykn., “Haadis,” jechuunis bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “garaa kootti kanan gad of qabu.”

Ykn., “lubbuu keessaniifis.”

Ykn., “baachuuf kan nama hin rakkisne.”

Ykn., “daabboo ilaalchaa.”

Ykn., “lubbuun koo.”

Ykn., “iyyu.”

Maqaa Seexanaaf kenname.

Ykn., “duuka buutonni.”

Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “amanamaa hin taane.”

Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Jechuunis, nadoo ykn ladoo.

Ykn tarii, “uumama addunyaa irraa kaasee.”

Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Milj. Mat 7:6 ilaali.

Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “bulchaan kutaa arfaffaa.”

Jechuunis, Heroodis Antiphaas. Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “Istaadiyoomii hedduu.” Istaadiyoomiin tokko 185 m dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Yeroo halkan keessaa gara saʼaatii 9 kaasee hanga ganama gara saʼaatii 12tti yeroo aduun baatutti jiru dha.

Jechuunis, akka sirna yeroo sana turetti utuu hin dhiqatin.

Ykn., “tuffiidhaan dubbatu.”

Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.

Jechuunis, akka sirna yeroo sana turetti utuu hin dhiqatin.

Ykn., “Kanaʼaan.”

Ykn., “isaaf sagaddee.”

Ykn., “amanamaa hin taane.”

Ykn., “nama.”

Ykn., “Haadisis,” jechuunis bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “addaate.”

Kutaa Dabalataa A3 ilaali.

Kal., “diraakmaa lama.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “saantima istaatarii,” teetiraadiraakmaa akka taʼetti yaadama. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “jijjiiramtanii.”

Ykn., “dhagaan daakuu harreedhaan naanneffamu.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kutaa Dabalataa A3 ilaali.

Ykn tarii, “keessan.”

Kal., “isa ifadhu.”

Kal., “afaan.”

Nama Yihudii hin taanee fi Waaqayyotti hin amanne kan argisiisu fakkaata.

Taalaantiin meetii 10,000, dinaaree 60,000,000 dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “murattee.”

Kal., “ollaa kee.”

Ykn., “Guutuu.”

Ykn., “lammata uumamuu.”

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “arjaa.”

Kal., “gadhee taʼe; hammaate.”

Ykn., “Waancaa; Kubbaayyaa.”

Ykn., “beenyaa; kiisii.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ykn., “dasoo.”

Ykn., “Dheeka.”

Kal., “gooftaa.”

Jechuunis, ni dhaanan.

Ykn., “hamaa.”

Kal., “mataa golee.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ykn., “namoota maaddiitti dhihaataniin.”

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “Ollaa kee.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Boorsaa xinnoo kutaa Seerichaa arfan qabatee fi Yihudoonni dhiirota taʼan adda isaanii fi harka bitaa irratti hidhatan.

Ykn., “iddoo baʼeessa.”

Ykn., “Barsiisaa.”

Kutaa Dabalataa A3 ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “saamichaa.”

Ykn., “awwaala yaadannoo.”

Kal., “safara abbootii keessanii guutaa.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “goflaa.”

Ykn tarii, “onee isiniif hafa.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “foon kan uffate.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Gosti risaa ykn allaattii tokko tokko raqa nyaata.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “halkan keessaa saʼaatii meeqatti.”

Ykn., “hubataan.”

Ykn., “ogeeyyii.”

Taalaantiin Giriikii tokko 20.4 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “meetii.”

Kal., “meetii.”

Ykn., “mana baankii.”

Kal., “kutamuu.”

Ykn., “Qiixxaatti.”

Ykn., “Lubbuun koo.”

Ykn., “fedhii qaba.”

Kal., “ijji isaanii itti ulfaatee.”

Leegewooniin tokko loltoota 4,000 hanga 6,000 taʼan kan qabate waan taʼeef, lakkoofsi kun baayʼee guddaa taʼuu isaa argisiisa.

Ykn., “kitaabonni qulqulluun dubbatan.”

Yaaʼiin Saanhedriin mana murtii ol aanaa Yihudootaa ti.

Ykn., “loqodni kee.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ykn., “Muka irratti isa fannisi.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “ni duʼe.”

Ykn., “Awwaalonni yaadannoo.”

Ykn., “awwaala yaadannoo.”

Ykn., “awwaala yaadannootti.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kal., “isa ni amansiisna.”

Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi