UUMAMA
1 Jalqaba irratti Waaqayyo samiiwwanii fi lafa uume.+
2 Yeroo kanatti lafti bifa kan hin qabnee fi ona* turte; dukkannis bishaan isa gad fagoo*+ irra jira ture; humni Waaqayyoo inni hojii irra jirus*+ bishaanicha irra+ asii fi achi sosochoʼa ture.
3 Waaqayyos, “Ifni haa taʼu” jedhe. Achiis ifni ni taʼe.+ 4 Sana booda Waaqayyo ifichi gaarii akka taʼe arge; ifa sanas dukkanicha irraa addaan ni baase. 5 Waaqayyos ificha Guyyaa jedhee moggaase; dukkanicha immoo Halkan jedhee moggaase.+ Ni dhihe, ni bariʼes; kun guyyaa tokkoffaa dha.
6 Achiis Waaqayyo, “Bishaanota gidduutti hawaan haa taʼu;+ bishaanonnii fi bishaanonnis gargar haa baʼan”+ jedhe. 7 Sana booda Waaqayyo hawaa tolchee, bishaanota hawaadhaa gaditti argaman bishaanota hawaadhaa olitti argaman irraa gargar ni baase.+ Akkuma kanas ni taʼe. 8 Waaqayyos hawaa sana Samii jedhee moggaase. Ni dhihe, ni bariʼes; kun guyyaa lammaffaa dha.
9 Achiis Waaqayyo, “Bishaanonni samii jalatti argaman bakka tokkotti walitti haa qabaman; dachee gogaanis haa mulʼatu” jedhe.+ Akkuma kanas ni taʼe. 10 Waaqayyo dachee gogaa sana Lafa jedhee moggaase;+ bishaanota walitti qabaman sana immoo Galaanota jedhee moggaase.+ Waaqayyo kun gaarii taʼuu isaa ni arge.+ 11 Achiis Waaqayyo, “Lafti akkuma akaakuu isaaniitti marga, biqiltootaa fi mukeetii haa biqilchitu. Biqiltoonni sanyii haa godhatan; mukeetiinis firii fi sanyii haa godhatan” jedhe. Akkuma kanas ni taʼe. 12 Laftis akkuma akaakuu isaaniitti marga, biqiltootaa+ fi mukeetii biqilchuu jalqabde. Biqiltoonni sanyii ni godhatan; mukeetiinis firii fi sanyii ni godhatan. Waaqayyos kun gaarii taʼuu isaa ni arge. 13 Ni dhihe, ni bariʼes; kun guyyaa sadaffaa dha.
14 Achiis Waaqayyo akkana jedhe: “Maddawwan ifaa+ guyyaa fi halkan+ gargar baasan hawaa keessa haa jiraatan; isaanis waqtiilee, guyyootaa fi waggoota gargar baasuuf mallattoo taʼanii tajaajilu.+ 15 Isaan lafa irratti akka ibsaniif maddawwan ifaa hawaa keessa jiran taʼanii ni tajaajilu.” Akkuma kanas ni taʼe. 16 Waaqayyos maddawwan ifaa guguddaa lama ni tolche; maddi ifaa inni guddaan guyyaa irratti aangoo akka qabaatu,+ maddi ifaa inni xinnaan immoo halkan irratti aangoo akka qabaatu godhe; urjiilees ni tolche.+ 17 Akka kanaan Waaqayyo lafa irratti akka ibsaniif hawaa keessa isaan kaaʼe. 18 Inni isaan guyyaa fi halkan irratti aangoo akka qabaatan, akkasumas ifaa fi dukkana akka gargar baasaniif achi keessa isaan kaaʼe.+ Waaqayyos kun gaarii taʼuu isaa ni arge. 19 Ni dhihe, ni bariʼes; kun guyyaa arfaffaa dha.
20 Achiis Waaqayyo, “Bishaanonni uumamawwan jiraatoodhaan haa guutaman; uumamawwan barrisanis lafaa olitti samii keessa haa barrisan” jedhe.+ 21 Waaqayyos uumamawwan galaanaa guguddaa, akkasumas uumamawwan jiraatoo bishaan keessa sosochoʼanii fi yaaʼan hundumaa akka akaakuu isaaniitti, kana malees uumamawwan qoochoodhaan* barrisan hundumaa akka akaakuu isaaniitti ni uume. Waaqayyo kun gaarii taʼuu isaa ni arge. 22 Yeroo kanatti Waaqayyo, “Horaa, baayʼadhaa, galaana guutaa;+ uumamawwan barrisanis lafa irratti haa baayʼatan” jedhee isaan eebbise. 23 Ni dhihe, ni bariʼes; kun guyyaa shanaffaa dha.
24 Achiis Waaqayyo, “Lafti uumamawwan jiraatoo akka akaakuu isaaniitti, beeladoota, bineensota loʼanii* fi bineensota bosonaa akka akaakuu isaaniitti haa qabaattu”+ jedhe. Akkuma kanas ni taʼe. 25 Waaqayyo bineensota bosonaa akka akaakuu isaaniitti, beeladoota akka akaakuu isaaniitti, bineensota lafa irra loʼan hundumaas akka akaakuu isaaniitti ni uume. Waaqayyos kun gaarii taʼuu isaa ni arge.
26 Achiis Waaqayyo, “Akka bifa+ keenyaatti, akka fakkaattii+ keenyaattis nama haa tolchinu;+ isaanis qurxummii galaanaa, uumamawwan samii irra barrisan, beeladoota, guutummaa lafaa fi bineensota loʼan warra lafa irra sochoʼan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan”+ jedhe. 27 Waaqayyos akka bifa isaatti nama ni uume; akka bifa Waaqayyootti isa ni uume; dhiiraa fi dubartii godhees isaan ni uume.+ 28 Kana malees Waaqayyo isaan ni eebbise; akkasumas, “Horaa, baayʼadhaa, lafa guutaa;+ isas toʼannaa keessan jala galfadhaa;+ qurxummii galaanaa, uumamawwan samii irra barrisanii fi uumamawwan jiraatoo lafa irra sochoʼan hundumaa irratti aangoo qabaadhaa”+ isaaniin jedhe.
29 Achiis Waaqayyo akkana jedhe: “Kunoo, ani biqiltuu sanyii godhatuu fi guutummaa lafaa irratti argamu hundumaa, akkasumas muka firii sanyii qabu godhatu hundumaa isiniif kenneera. Isaan nyaata isiniif haa taʼan.+ 30 Ani bineensa bosonaa hundumaatiif, uumamawwan samii irra barrisan hundumaatii fi uumamawwan jiraatoo lafa irra sochoʼan hundumaatiif soorata akka taʼuuf biqiltuu lalisaa taʼe hundumaa kenneera.”+ Akkuma kanas ni taʼe.
31 Sana booda Waaqayyo wanta tolche hundumaa ni arge; kunoo, inni baayʼee gaarii ture.+ Ni dhihe, ni bariʼes; kun guyyaa jaʼaffaa dha.
2 Samii fi lafti, wantoonni isaan keessa jiran hundis* uumamanii kan xumuraman akka kanaan ture.+ 2 Waaqayyos guyyaa torbaffaatti hojii hojjechaa ture ni xumure; hojii isaa isa hojjechaa ture hundumaa irraas guyyaa torbaffaatti boqochuu jalqabe.+ 3 Achiis Waaqayyo guyyaa torbaffaa ni eebbise, ni qulqulleesses; sababiin isaas, Waaqayyo hojii uumamaa raawwachaa ture hundumaa irraa, wanta hojjechuuf kaayyeffate hundumaa irraas boqochuu kan jalqabe guyyaa kanatti ture.
4 Yeroo samii fi lafti uumamanitti, jechuunis guyyaa Yihowaan* lafaa fi samii uumetti wanti raawwatame kana dha.+
5 Yihowaan lafa irratti bokkaan akka roobu waan hin gooneef, namni lafa misoomsus waan hin turreef, tusiin* lafa irratti hin argamu ture; biqiltuunis marguu hin jalqabne ture. 6 Haa taʼu malee, hurki* lafa irraa ol kaʼee guutummaa lafichaa ni obaasa ture.
7 Achiis Yihowaan biyyoo+ lafaa irraa nama tolchee hafuura jireenyaa funyaan isaatti baafate;+ innis nama* jiraataa taʼe.+ 8 Kana malees, Yihowaan kallattii bahaatiin Eedan keessatti iddoo biqiltuu ni dhaabe;+ namicha tolche sanas achi keessa kaaʼe.+ 9 Yihowaan muka ilaaluuf nama hawwatuu fi nyaachuuf gaarii taʼe hundumaa lafa irratti ni biqilche; kana malees iddoo biqiltuu sana gidduutti muka jireenyaa,+ akkasumas muka gaarii fi hamaa beeksisu+ ni biqilche.
10 Iddoo biqiltuu sana obaasuufis lagni tokko Eedan keessaa ni yaaʼa ture; innis sana booda hihiramee laga afur* taʼe. 11 Maqaan laga isa tokkoffaa Fiishoon jedhama; innis guutummaa biyya Hawiilaa isa warqiin keessatti argamutti marsa. 12 Warqiin biyya sanaa gaarii dha. Hapheen urgaaʼuu fi dhagaan oniiksiis* achitti ni argama. 13 Maqaan laga isa lammaffaa Giyoon jedhama; innis guutummaa biyya Kuushitti marsa. 14 Maqaan laga isa sadaffaa Hidikeel*+ jedhama; innis gara kallattii bahaa Asooritti+ kan yaaʼu dha. Lagni arfaffaan immoo Efraaxis+ jedhama.
15 Yihowaan akka inni iddoo biqiltuu Eedan misoomsuu fi kunuunsuuf namicha fuudhee achi keessa kaaʼe.+ 16 Kana malees, Yihowaan akkana jedhee namicha ajaje: “Muka iddoo biqiltuu sana keessa jiru hundumaa irraa hamma quuftutti ni nyaatta.+ 17 Haa taʼu malee, muka gaarii fi hamaa beeksisu irraa hin nyaatin; sababiin isaas, guyyaa isa irraa nyaattutti dhugumaan ni duuta.”+
18 Achiis Yihowaan, “Namichi kophaa taʼuun isaa gaarii miti. Guutuu akka isa gootuuf ani kan isa gargaartu isaaf nan tolcha” jedhe.+ 19 Yihowaan bineensota bosonaa hundumaa fi uumamawwan samii irra barrisan hundumaa biyyoo lafaa irraa uumee ture; achiis namichi tokkoon tokkoon isaanii maal jedhee akka waamu ilaaluuf gara isaatti isaan fide; maqaan namichi tokkoon tokkoon uumamawwan jiraatoo sanaaf moggaases maqaa isaanii ni taʼe.+ 20 Kanaafuu, namichi beeladoota hundumaa, uumamawwan samii keessa barrisan hundumaa fi bineensota bosonaa hundumaatiif maqaa ni moggaase; haa taʼu malee, namni guutuu akka taʼu kan isa gargaartu hin qabu ture. 21 Kanaafuu, Yihowaan hirribni cimaan namicha akka fudhatu godhe; utuma inni rafaa jiruus lafee cinaachaa isaa keessaa tokko fudhatee iddoo isaa fooniin duuche. 22 Yihowaanis lafee cinaachaa isa namicha irraa fuudhe sana dubartii godhee tolche; achiis gara namichaatti ishii fide.+
23 Yeroo kanatti namichi akkana jedhe:
“Tun lafee lafeewwan kootii ti,
Foon foon kootii tis.
Ishiin dhiira irraa waan argamteef,
Dubartii jedhamtee waamamti.”+
24 Kanaafuu, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana;* isaan foon tokko taʼu.+ 25 Namichii fi haati manaa isaa lamaan isaanii iyyuu qullaa isaanii turan;+ taʼus hin qaanaʼan turan.
3 Bofti+ bineensota bosonaa Yihowaan uume hundumaa caalaa of eeggataa* ture. Kanaafuu bofichi dubartittiidhaan, “Waaqayyo dhuguma muka iddoo biqiltuu keessa jiru hundumaa irraa hin nyaatinaa isiniin jedheeraa?” jedhe.+ 2 Dubartittiinis bofichaan akkana jette: “Firii mukeetii iddoo biqiltuu keessa jiran irraa nyaachuu ni dandeenya.+ 3 Haa taʼu malee, Waaqayyo firii muka isa iddoo biqiltuu gidduu jiru sana ilaalchisee,+ ‘Isa irraa hin nyaatinaa, hin tuqinaas; taʼuu baannaan garuu ni duutu’ jedheera.” 4 Yeroo kanatti bofichi dubartittiidhaan akkana jedhe: “Isin matumaa hin duutan.+ 5 Waaqayyo akkana kan jedhe, guyyuma isa irraa nyaattanitti ijji keessan akka banamu, akkasumas gaarii fi hamaa beekuudhaan akka Waaqayyoo akka taatan waan beekuufi.”+
6 Dhuma irrattis dubartittiin mukichi nyaataaf gaarii kan taʼe, akkasumas ijatti kan toluu fi ilaaluuf kan nama gammachiisu akka taʼe ni argite. Kanaafuu, ishiin firii isaa fudhattee ni nyaatte.+ Sana booda, yommuu abbaan manaa ishii ishii wajjin taʼutti isaafis ni kennite; innis ni nyaate.+ 7 Achiis lamaan isaanii iyyuu ijji isaanii ni baname; qullaa isaanii akka taʼanis ni hubatan. Kanaafuu, baala harbuu walitti hodhanii marxifatan.+
8 Sana booda isaan guyyicha keessaa yeroo qilleensi qilleensaʼutti utuu Yihowaan iddoo biqiltuu sana keessa deemuu sagalee isaa ni dhagaʼan; namichii fi haati manaa isaas mukeetii iddoo biqiltuu gidduu seenanii fuula Yihowaa duraa ni dhokatan. 9 Yihowaanis irra deddeebiʼee namicha waamuudhaan, “Eessa jirta?” isaan jedhe. 10 Dhuma irrattis namichi, “Ani iddoo biqiltuu gidduutti sagalee kee dhagaʼee, qullaa koo waanan tureef nan sodaadhe; kanaafuu nan dhokadhe” jedhe. 11 Yeroo kanatti Waaqayyo, “Qullaa kee akka taate eenyutu sitti hime?+ Muka akka irraa hin nyaanne ani si ajaje sana irraa ni nyaattee?”+ isaan jedhe. 12 Namichis, “Dubartii akka anaa wajjin taatuuf ati naa kennite sanatu firii mukichaa irraa naaf kenne; anis nan nyaadhe” jedhe. 13 Yihowaanis dubartittiidhaan, “Wanti ati goote kun maali dha?” jedhe. Dubartittiinis, “Bofichatu na gowwoomse; anis nan nyaadhe” jettee deebiste.+
14 Achiis Yihowaan bofichaan akkana jedhe:+ “Ati kana waan gooteef, beeladoota hundumaa fi bineensota bosonaa hundumaa gidduudhaa kan abaaramte ni taata. Ati garaa keetiin ni loota; bara jireenyaa kee hundumaattis biyyoo ni nyaatta. 15 Anis sii+ fi dubartittii gidduutti,+ sanyii kee+ fi sanyii ishii gidduuttis+ diinummaan+ akka jiraatu nan godha. Inni mataa kee ni buruqsa,*+ ati immoo koomee isaa ni madeessita.”*+
16 Dubartittiidhaanis, “Ani dhukkubbiin yeroo ulfa taatee jirtutti sitti dhagaʼamu baayʼee akka dabalu nan godha; atis dhiphinaan ijoollee ni deessa; hawwiin kee hundi abbaa manaa kee ni taʼa; innis si irratti ol aantummaa ni qabaata” jedhe.
17 Addaamiinis* akkana jedhe: “Ati haadha manaa tee dhageessee muka ani, ‘Isa irraa hin nyaatin’ jedhee si ajaje sana irraa waan nyaatteef,+ sababii keetiin lafti kan abaaramte ni taati.+ Bara jireenyaa kee hundumaatti ati dhamaatiidhaan oomisha ishii ni nyaatta.+ 18 Ishiin qoree fi sokorruu sitti biqilchiti, atis biqiltuu dirree ni nyaatta. 19 Ati lafa irraa waan argamteef+ hamma lafatti deebitutti dhamaatee dafqa keetiin nyaata* ni nyaatta. Ati biyyoo waan taateef biyyootti ni deebita.”+
20 Kana booda Addaam haadha manaa isaa Hewaan* jedhee moggaase; sababiin isaas, ishiin ilmaan namootaa* hundumaatiif haadha ni taati.+ 21 Yihowaanis Addaamii fi haadha manaa isaatiif gogaa irraa uffata dheeraa hojjetee isaanitti uwwise.+ 22 Achiis Yihowaan akkana jedhe: “Kunoo, namichi gaarii fi hamaa beekuudhaan nu keessaa akka isa tokkoo taʼeera.+ Amma immoo harka isaa diriirsee firii muka jireenyaa+ irraa fudhatee akka hin nyaannee fi bara baraaf akka hin jiraanneef waan tokko gochuun qaba.” 23 Kanaafuu, Yihowaan namichi lafa irraa argame sana akka misoomsuuf+ iddoo biqiltuu Eedan keessaa isa ariʼe.+ 24 Namicha achi keessaa erga baasee booda, karaa isa gara muka jireenyaatti geessu eeguuf kallattii bahaa iddoo biqiltuu Eedanitti kiruubelotaa+ fi goraadee bobaʼu isa utuu wal irraa hin kutin gaggaragalu ni kaaʼe.
4 Addaam haadha manaa isaa Hewaanii wajjin saalqunnamtii raawwate; ishiinis ni ulfoofte.+ Ishiin yommuu Qaayiniin+ deessetti, “Ani gargaarsa Yihowaatiin mucaa dhiiraa argadheera”* jette. 2 Yeroo booda immoo obboleessa isaa Abeeliin+ ni deesse.
Abeel hoolota kan tiksu taʼe; Qaayin garuu qonnaan bulaa taʼe. 3 Yeroo muraasa booda, Qaayin firii lafichaa muraasa Yihowaadhaaf aarsaa godhee dhiheesse. 4 Abeel garuu bushaayee isaa keessaa warra jalqaba+ dhalatan muraasaa fi cooma isaanii dhiheesse. Yihowaan Abeelii fi aarsaa isaa gammachuudhaan kan ilaale taʼus,+ 5 Qaayinii fi aarsaa isaa gammachuudhaan hin ilaalle. Kanaafuu, Qaayin aaree bobaʼe, ni gaddes.* 6 Achiis Yihowaan akkana isaan jedhe: “Garmalee kan aartee fi kan gaddite maaliifi? 7 Ati wanta gaarii gochuutti yoo garagalte, fudhatama ni argatta mitii?* Wanta gaarii gochuutti hin garagaltu taanaan garuu, cubbuun balbala irratti riphee si eeggachaa jira; inni si moʼuu barbaada; garuu ati isa ni mootaa laata?”
8 Sana booda Qaayin obboleessa isaa Abeeliin, “Kottu, gara dirreetti haa baanu” jedhe. Utuma dirree keessa jiraniis, Qaayin obboleessa isaa Abeeliin rukutee ajjeese.+ 9 Yeroo booda Yihowaan Qaayiniin, “Obboleessi kee Abeel eessa jira?” jedhee gaafate; innis, “Ani hin beeku. Ani eegduu obboleessa kootii tii?” jedhee deebise. 10 Yeroo kanatti Waaqayyo akkana jedhe: “Wanti ati goote kun maali dha? Kunoo, dhiigni obboleessa keetii lafa irraa gara kootti iyyachaa jira.+ 11 Amma ati lafa ishii dhiiga obboleessa keetii harka kee irraa fudhachuuf afaan ishii bante irraa ariʼamtee kan abaaramte ni taata.+ 12 Lafattii yommuu qottu, ishiin oomisha* ishii siif hin kennitu. Ati lafa irratti jooraa fi baqataa ni taata.” 13 Yeroo kanatti Qaayin Yihowaadhaan akkana jedhe: “Adabni dogoggora kootiin na irra gaʼu baayʼee ulfaataa waan taʼeef baachuu hin dandaʼu. 14 Harʼa ati lafattii irraa na ariʼuuf jetta;* anis fuula kee duraa nan dhokadha; ani lafa irratti jooraa fi baqataa nan taʼa; namni na argatu kam iyyuu akka na ajjeesu beekamaa dha.” 15 Yihowaanis, “Sababii kanaatiin, namni Qaayiniin ajjeesu kam iyyuu dachaa torba adabama” isaan jedhe.
Kanaafuu, namni isa argatu kam iyyuu akka isa hin ajjeesneef, Yihowaan Qaayiniif mallattoo tokko ni qopheesse. 16 Achiis Qaayin Yihowaa duraa deemee Eedan irraa gara bahaatti+ biyya Baqannaa* keessa jiraachuu jalqabe.
17 Sana booda Qaayin haadha manaa isaa wajjin saalqunnamtii raawwate;+ ishiinis ulfooftee Heenokiin ni deesse. Achiis magaalaa tokko ni ijaare; magaalattiis maqaa ilma isaatiin Heenok jedhee moggaase. 18 Boodas Heenok Iraadiin dhalche. Iraad Mehuyaaʼeliin dhalche; Mehuyaaʼel Metushaaʼeliin dhalche; Metushaaʼelis Laameekiin dhalche.
19 Laameek haadhotii manaa lama ni fuudhe. Maqaan ishii jalqabaa Aadaa, maqaan ishii lammaffaa immoo Ziilaa ture. 20 Aadaan Yaabaaliin ni deesse. Inni warra dunkaana keessa jiraatanii fi horii horsiisan keessaa isa jalqabaa ture. 21 Maqaan obboleessa isaa Yuubaal ture. Inni warra baganaa fi faaggaa* taphatan hundumaa keessaa isa jalqabaa ture. 22 Kana malees, Ziilaan Tubaal Qaayiniin ni deesse; innis miʼawwan sibiila diimaa fi miʼawwan sibiilaa akaakuu hundumaa hojjeta ture. Obboleettiin Tubaal Qaayin Naʼaamaa jedhamti turte. 23 Boodas Laameek haadhotii manaa isaa Aadaa fi Ziilaadhaan akkana jedhe:
“Isin haadhotiin manaa Laameek, sagalee koo dhagaʼaa;
Dubbii kootiifis gurra kennaa:
Ani nama na madeesse,
Eeyyee, dargaggeessa na rukute nan ajjeese.
25 Ammas Addaam haadha manaa isaa wajjin saalqunnamtii raawwate; ishiinis ilma ni deesse. Ishiin, “Qaayin Abeeliin waan ajjeeseef,+ Waaqayyo bakka isaa sanyii kan biraa naaf kenne” jechuudhaan maqaa isaa Seet*+ jettee moggaaste. 26 Seetis ilma ni dhalche; maqaa isaas Eenosh+ jedhee moggaase. Yeroo sanatti namoonni maqaa Yihowaa waamuu jalqaban.
5 Kitaabni waaʼee seenaa Addaam dubbatu isa kana. Waaqayyo guyyaa Addaamiin uumetti, akka fakkaattii Waaqayyootti isa tolche.+ 2 Dhiiraa fi dubartii godhees isaan ni uume.+ Guyyaa isaan uumamanitti+ inni isaan ni eebbise; akkasumas Nama* jedhee maqaa isaaniif moggaase.
3 Addaam waggaa 130 erga jiraatee booda, akka fakkaattii isaattii fi akka bifa isaatti ilma ni dhalche; maqaa isaas Seet jedhee moggaase.+ 4 Addaam Seetiin erga dhalchee booda waggaa 800 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche. 5 Kanaafuu, Addaam walumaa galatti waggaa 930 jiraate; achiis ni duʼe.+
6 Seet waggaa 105 erga jiraatee booda Eenoshiin+ ni dhalche. 7 Seet Eenoshiin erga dhalchee booda waggaa 807 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche. 8 Kanaafuu, Seet walumaa galatti waggaa 912 jiraate; achiis ni duʼe.
9 Eenosh waggaa 90 erga jiraatee booda Qaayinaaniin ni dhalche. 10 Eenosh Qaayinaaniin erga dhalchee booda waggaa 815 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche. 11 Kanaafuu, Eenosh walumaa galatti waggaa 905 jiraate; achiis ni duʼe.
12 Qaayinaan waggaa 70 erga jiraatee booda Mahaalaaleliin+ ni dhalche. 13 Qaayinaan Mahaalaaleliin erga dhalchee booda waggaa 840 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche. 14 Kanaafuu, Qaayinaan walumaa galatti waggaa 910 jiraate; achiis ni duʼe.
15 Mahaalaalel waggaa 65 erga jiraatee booda Yaarediin+ ni dhalche. 16 Mahaalaalel Yaarediin erga dhalchee booda waggaa 830 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche. 17 Kanaafuu, Mahaalaalel walumaa galatti waggaa 895 jiraate; achiis ni duʼe.
18 Yaared waggaa 162 erga jiraatee booda Heenokiin+ ni dhalche. 19 Yaared Heenokiin erga dhalchee booda waggaa 800 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche. 20 Kanaafuu, Yaared walumaa galatti waggaa 962 jiraate; achiis ni duʼe.
21 Heenok waggaa 65 erga jiraatee booda Maatusaalaa+ ni dhalche. 22 Heenok Maatusaalaa erga dhalchee booda waggaa 300f Waaqa dhugaa* wajjin deemuu isaa itti fufe. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche. 23 Kanaafuu, Heenok walumaa galatti waggaa 365 jiraate. 24 Heenok Waaqa dhugaa wajjin deemuu isaa itti fufe.+ Waaqayyo waan isa fudhateefis inni sana booda hin argamne.+
25 Maatusaalaan waggaa 187 erga jiraatee booda Laameekiin+ ni dhalche. 26 Maatusaalaan Laameekiin erga dhalchee booda waggaa 782 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche. 27 Kanaafuu, Maatusaalaan walumaa galatti waggaa 969 jiraate; achiis ni duʼe.
28 Laameek waggaa 182 erga jiraatee booda ilma tokko ni dhalche. 29 Innis, “Ilmi kun lafa Yihowaan abaareen kan kaʼe dadhabbii fi dhamaatii nu irra gaʼu irraa nu boqochiisuudhaan nu jajjabeessa”+ jechuudhaan maqaa isaa Noh*+ jedhee moggaase. 30 Laameek Nohiin erga dhalchee booda waggaa 595 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche. 31 Kanaafuu, Laameek walumaa galatti waggaa 777 jiraate; achiis ni duʼe.
32 Noh umuriin isaa waggaa 500 erga taʼee booda, Seem,+ Kaamii+ fi Yaafeetiin+ ni dhalche.
6 Lakkoofsi namootaa lafa irratti baayʼachuu jalqabee ijoolleen durbaa yeroo isaaniif dhalatanitti, 2 ilmaan Waaqa dhugaa*+ ijoolleen durbaa ilmaan namootaa babbareedoo akka taʼan hubatan. Kanaafuu, warra filatan hundumaa fudhatanii haadhotii manaa godhatan. 3 Achiis Yihowaan, “Namni foon* waan taʼeef, hafuurri koo bara baraaf isaaf hin obsu.+ Kanaafuu, guutummaan bara jireenyaa isaa waggaa 120 taʼa” jedhe.+
4 Bara sanattii fi sana booda Nefiliimonni* lafa irra jiru turan. Yeroo sanatti ilmaan Waaqa dhugaa ijoollee durbaa ilmaan namootaa wajjin saalqunnamtii ni raawwatan; isaanis ijoollee dhiiraa isaaniif ni daʼan. Ijoolleen isaanii kunis bara duriitti namoota jajjaboo beekamoo taʼan turan.
5 Dhuma irratti Yihowaan hamminni namaa lafa irratti akka baayʼate, fedhiin garaa isaa hundis yeroo hundumaa hamaa akka taʼe ni arge.+ 6 Yihowaanis lafa irratti nama tolchuu isaatti ni gaabbe;* garaan isaas ni gadde.+ 7 Kanaafuu, Yihowaan, “Ani namootan lafa irratti uume haxaaʼee nan balleessa; nama, beeladoota, bineensota loʼanii fi uumamawwan samii irra barrisanii wajjin nan balleessa; sababiin isaas ani isaan tolchuu kootti gaabbeera” jedhe. 8 Noh garuu Yihowaa duratti fudhatama ni argate.
9 Seenaan Noh kana dha.
Noh nama qajeelaa ture.+ Inni namoota bara isaatti jiraatan* gidduutti nama balleessaa hin qabne ture. Noh Waaqa dhugaa wajjin ni deeme.+ 10 Yeroo booda Noh ilmaan sadii, jechuunis Seem, Kaamii fi Yaafeetiin ni dhalche.+ 11 Lafti garuu Waaqa dhugaa duratti mancaatee turte; jeequmsaanis guutamtee turte. 12 Waaqayyo gara lafaa ni ilaale; kunoo, ishiin mancaatee turte;+ foon kan taʼe* hundis lafa irratti daandii isaa mancaasee ture.+
13 Sana booda Waaqayyo Nohiin akkana jedhe: “Sababii isaaniitiin lafti jeequmsaan waan guutamteef, ani foon kan taʼe hundumaa balleessuuf murteesseera; kanaafuu, ani lafaa wajjin isaan nan balleessa.+ 14 Muka haphee irraa doonii* tolfadhu.+ Doonicha keessatti kutaawwan qopheessi; doonichas keessa isaa fi ala isaa leelee*+ dibi. 15 Doonicha akka kanaa gadiitti tolchi: Dheerinni isaa dhundhuma* 300, dalgi isaa dhundhuma 50, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma 30 haa taʼu. 16 Doonichi ifa akka argatuuf baaxii isaatii gaditti foddaa* dhundhuma tokkoo tolchi. Cinaa doonichaatti balbala tolchi;+ kutaa gadii, fooqii tokkoffaa fi fooqii lammaffaa akka qabaatu godhii tolchi.
17 “Ani foon hafuura baafatu hundumaa samii jalaa balleessuuf lafa irratti bishaan badiisaa nan fida.+ Wanti lafa irra jiru hundi ni bada.+ 18 Ani sii wajjin kakuu nan gala; ati doonichatti seeni; ilmaan kee, haati manaa tee fi haadhotiin manaa ilmaan keetiis sii wajjin achi keessa haa seenan.+ 19 Isaan sii wajjin lubbuudhaan akka oolaniif, akaakuu uumama jiraataa hundumaa+ kormaa fi dhaltuu godhii lama lamaan doonichatti galchi;+ 20 uumamawwan barrisan akka akaakuu isaaniitti, beeladoonni akka akaakuu isaaniitti, akkasumas bineensonni lafa irra loʼan hundi akka akaakuu isaaniitti, ati lubbuudhaan akka isaan oolchituuf tokkoon tokkoon isaanii keessaa lama lama taʼanii gara doonichaatti ni seenu.+ 21 Siifis taʼe bineelladootaaf soorata akka taʼuuf, soorata akaakuu hundumaa+ walitti qabiitii achi keessa galchi.”
22 Nohis wanta hundumaa akkuma Waaqayyo isa ajajetti ni raawwate. Inni akkuma kana ni godhe.+
7 Sana booda Yihowaan Nohiin akkana jedhe: “Dhaloota kana gidduudhaa na duratti qajeelaa taʼee kanan argadhe si waan taʼeef,+ atii fi maatiin kee hundi gara doonichaatti seenaa. 2 Akaakuu bineensotaa qulqulluu taʼan hundumaa keessaa kormaa fi dhaltuu godhii torba torba* fudhadhu;+ bineensa qulqulluu hin taane hundumaa keessaa immoo kormaa fi dhaltuu godhii lama lama fudhadhu; 3 akkasumas, uumamawwan samii irra barrisan keessaa kormaa fi dhaltuu godhii torba torba* fudhadhu; kunis, sanyiin isaanii guutummaa lafaa irraa akka hin badneefi.+ 4 Anis guyyaa torba booda guyyaa 40 fi halkan 40+ bokkaan lafa irratti akka roobu nan godha;+ uumama jiraataa ani tolche hundumaas lafa irraa haxaaʼee nan balleessa.”+ 5 Nohis wanta Yihowaan isa ajaje hundumaa ni raawwate.
6 Yeroo bishaan badiisaa lafa irratti dhufetti Noh umuriin isaa waggaa 600 ture.+ 7 Kanaafuu, Noh bishaan badiisaa dhufuu isaa dura ilmaan isaa, haadha manaa isaa fi haadhotii manaa ilmaan isaa wajjin gara doonichaatti ni seene.+ 8 Bineensota qulqulluu taʼan hundumaa keessaa, bineensota qulqulluu hin taane hundumaa keessaa, uumamawwan barrisanii fi wantoota lafa irra sochoʼan hundumaa keessaas,+ 9 akkuma Waaqayyo Nohiin ajajetti kormaa fi dhaltuu taʼanii lama lamaan doonicha keessa gara Noh ni dhaqan. 10 Guyyaa torba boodas bishaan badiisaa lafa irratti ni dhufe.
11 Noh dhalatee waggaa 600ffaa isaatti, jiʼa isa lammaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 17ffaatti, guyyaa sanatti burqaawwan bishaanii gad fagoon babalʼaa taʼan hundi ni futtaafatan; karrawwan bishaanii samiis ni banaman.+ 12 Bokkichis guyyaa 40 fi halkan 40f lafa irratti ni roobe. 13 Guyyuma sanatti Noh ilmaan isaa Seem, Kaamii fi Yaafeet,+ akkasumas haadha manaa isaa fi haadhotii manaa ilmaan isaa sadanii wajjin gara doonichaatti ni seene.+ 14 Bineensonni bosonaa hundi akka akaakuu isaaniitti, beeladni hundi akka akaakuu isaaniitti, bineensonni loʼan hundi akka akaakuu isaaniitti, uumamawwan barrisan hundi akka akaakuu isaaniitti, simbirroonni hundii fi uumamawwan qoochoo qaban hundi isaanii wajjin achi keessa ni seenan. 15 Uumamawwan foon taʼanii fi hafuura baafatan hundi lama lama taʼanii doonicha keessatti gara Noh dhaquu isaanii itti fufan. 16 Kanaafuu, akkuma Waaqayyo isa ajajee turetti akaakuun uumamawwan foon taʼanii hundi kormaa fi dhaltuu taʼanii gara doonichaatti seenan. Sana booda Yihowaan isaan duubaan balbalicha ni cufe.
17 Bishaan badiisaa sun guyyaa 40f lafa irratti buʼuu isaa itti fufe; bishaanichis ittuma dabalaa deemee doonicha ol kaasuu jalqabe; doonichi lafa irraa ol kaʼee bishaan gubbaa ni bololiʼe. 18 Bishaanichis bakka hunda waliin gaʼe; akkasumas lafa irratti baayʼee dabaluu isaa itti fufe; doonichi garuu bishaan gubbaa ni bololiʼe. 19 Bishaanichi lafa irratti baayʼee dabaluu isaatiin kan kaʼe, gaarreen dhedheeroon guutummaa samiitii gaditti argaman hundi bishaanichaan liqimfamanii turan.+ 20 Bishaanichis gaarreen sana irra darbee dhundhuma* 15 ol ni kaʼe.
21 Kanaan kan kaʼes, uumamawwan jiraatoon* lafa irra sochoʼan hundi, jechuunis uumamawwan barrisan, beeladoonni, bineensonni bosonaa, uumamawwan xixinnoon lafa irra yaaʼanii fi ilmaan namootaa hundi ni dhuman.+ 22 Uumamni funyaan isaatiin hafuura baafatuu fi lafa irratti argamu hundi ni duʼe.+ 23 Akka kanaan nama, horii, bineensota loʼanii fi uumamawwan samii keessa barrisan dabalatee, wantoota jiraatoo taʼan hundumaa lafa irraa haxaaʼee ni balleesse. Hundi isaaniis lafa irraa haxaaʼamanii balleeffaman;+ lubbuudhaan kan oolan Nohii fi warra isaa wajjin doonicha keessa turan qofa dha.+ 24 Bishaan sunis guyyaa 150f akkuma lafa uwwisetti ture.+
8 Haa taʼu malee, Waaqayyo Nohiin, bineensota bosonaa fi beeladoota isaa wajjin doonicha keessa jiran hundumaa ni yaadate;+ Waaqayyos lafa irratti bubbeen akka bubbisu godhe; bishaanichis hirʼachuu jalqabe. 2 Burqaawwan bishaanii warri gad fagoonii fi karrawwan bishaanii warri samii keessa jiran ni cufaman; kanaafuu, bokkaan samii irraa roobaa ture ni caame.*+ 3 Achiis bishaanichi suutuma suuta lafa irraa hirʼachuu jalqabe. Guyyoonni 150ni yeroo xumuramanittis bishaanichi ni hirʼate. 4 Jiʼa torbaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 17ffaatti doonichi gaarota Araaraat irra ni qubate. 5 Bishaan sunis hamma jiʼa kurnaffaatti hirʼachuu isaa itti fufe. Jiʼa kurnaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa jalqabaatti fiixeewwan gaarota sanaa ni mulʼatan.+
6 Kanaafuu, guyyaan 40ni yommuu xumurametti, Noh foddaa+ doonicha irratti tolchee ture sana banee, 7 arraagessa tokko ni erge; arraagessi sunis hamma bishaanichi lafa irraa gogutti barrisee gad baʼaa fi deebiʼaa ture.
8 Boodas Noh bishaanichi lafa irraa hirʼachuu isaa ilaaluuf gugee* tokko erge. 9 Bishaanichi amma iyyuu guutummaa lafaa uwwisee waan tureef, gugeen sun bakka boqottu* yeroo dhabdetti gara Noh isa doonicha keessa jirutti deebite.+ Innis harka isaa hiixatee gara doonichaatti ishii galche. 10 Guyyaa dabalataa torbaaf erga eegee booda, ammas gugee sana doonicha keessaa baasee erge. 11 Gara galgalaas gugeen sun yommuu gara isaa dhuftu, baalli muka ejersaa* reefuu kutame afaan ishii irra akka jiru ni arge! Kanaafuu, Noh bishaanichi lafa irraa hirʼachuu+ isaa ni hubate. 12 Inni ammas guyyaa dabalataa torbaaf ni eege. Achiis gugee sana ni erge; ishiin garuu sana booda gara isaatti hin deebine.
13 Noh dhalatee waggaa 601ffaa isaatti,+ waggicha keessaa jiʼa isa jalqabaatti, jiʼicha keessaas guyyaa isa jalqabaatti bishaanichi lafa irraa ni qoore; Nohis baaxii doonichaa kaasee lafti qooraa akka jiru ni arge. 14 Jiʼa isa lammaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 27ffaatti lafti guutummaatti ni goge.
15 Yeroo kanatti Waaqayyo Nohiin akkana jedhe: 16 “Ati, haati manaa tee, ilmaan kee fi haadhotiin manaa ilmaan keetii doonicha keessaa gad baʼaa.+ 17 Lafa irratti akka babalʼataniif,* akka horanii fi lafa irratti akka baayʼataniif,+ akaakuu uumamawwan jiraatoo foon taʼan hundumaa,+ uumamawwan barrisan, horiiwwanii fi bineensota lafa irra loʼan hundumaa fuudhii baʼi.”
18 Kanaafuu, Noh ilmaan isaa,+ haadha manaa isaa fi haadhotii manaa ilmaan isaa wajjin gad ni baʼe. 19 Uumamawwan jiraatoon hundi, bineensonni loʼan hundii fi uumamawwan barrisan hundi, jechuunis wantoonni lafa irra sochoʼan hundi akka maatii maatii isaaniitti doonicha keessaa gad ni baʼan.+ 20 Achiis Noh Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ni ijaare;+ horiiwwan qulqulluu taʼan hundumaa keessaa fi uumamawwan barrisan warra qulqulluu taʼan hundumaa keessaa+ muraasa fudhatee aarsaawwan gubaman godhee iddoo aarsaa sana irratti dhiheesse.+ 21 Yihowaanis urgaa fooliin isaa gammachiisu* ni urgeeffate. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan garaa isaatti akkana jedhe: “Ijoollummaa isaatii jalqabee wanti namni garaa isaatti yaadu hamaa waan taʼeef,+ ani sababii namaatiin lammata lafa kana hin abaaru;+ akkan amma godhe kanattis uumamawwan jiraatoo hundumaa lammata hin balleessu.+ 22 Ammaa jalqabee sanyii facaasuunii fi haamuun, qorrii fi hoʼi, bonnii fi ganni, akkasumas guyyaanii fi halkan matumaa lafa irratti addaan hin citu.”+
9 Waaqayyos Nohii fi ilmaan isaa ni eebbise; akkanas isaaniin jedhe: “Horaa, baayʼadhaa, lafas guutaa.+ 2 Uumamawwan jiraatoon lafa irratti argaman hundi, uumamawwan samii irra barrisan hundi, wantoonni lafa irra sochoʼan hundii fi qurxummiiwwan galaanaa hundi isin sodaachuun isaanii fi isin duratti romʼuun isaanii itti haa fufu. Isaan amma harka keessanitti* dabarfamanii kennamaniiru.+ 3 Uumamni jiraataan sochoʼu hundi nyaata isiniif haa taʼu.+ Akkuman biqiltuu lalisaa isiniif kenne, kanneen kana hundumaas isiniif nan kenna.+ 4 Haa taʼu malee, foon lubbuun isaa, jechuunis dhiigni+ isaa keessa jiru hin nyaatinaa.+ 5 Kana malees, ani qaama dhiiga lubbuu keessanii dhangalaasu kam iyyuu itti gaafatamaa nan godha. Uumama jiraataa kam iyyuu itti gaafatamaa nan godha; akkasumas nama kam iyyuu lubbuu obboleessa isaatiif itti gaafatamaa nan godha.+ 6 Waaqayyo akka bifa isaatti nama waan tolcheef,+ nama dhiiga namaa dhangalaasu kam iyyuu namni kan biraan dhiiga isaa ni dhangalaasa.+ 7 Isin garuu horaa, baayʼadhaa; lafa irrattis akka malee hedduu taʼaa.”+
8 Achiis Waaqayyo Nohii fi ilmaan isaa warra isaa wajjin jiraniin akkana jedhe: 9 “Ani amma isinii fi sanyii keessan warra isin booda dhufanii wajjin kakuu nan gala;+ 10 uumamawwan jiraatoo isinii wajjin jiran hundumaa, simbirroota, horiiwwan, akkasumas uumamawwan jiraatoo lafa irratti argaman warra isinii wajjin jiranii fi doonicha keessaa baʼan hundumaa, jechuunis uumamawwan jiraatoo lafa irratti argaman hundumaa wajjin kakuu nan gala.+ 11 Eeyyee, ani kakuu kana isinii wajjin nan gala: Kana booda foon kan taʼe* hundi matumaa bishaan badiisaatiin hin balleeffamu; bishaan badiisaas lammata lafa kana hin balleessu.”+
12 Itti dabaluudhaanis Waaqayyo akkana jedhe: “Kun dhaloota gara fuulduraatti dhufu hundumaatiif, kakuu ani ofii fi isin gidduutti, akkasumas ofii fi uumamawwan jiraatoo isinii wajjin jiran hundumaa gidduutti galuuf mallattoo ni taʼa. 13 Ani sabbata koo duumessa keessa nan kaaʼa; innis anaa fi lafa gidduutti mallattoo kakuu taʼee ni tajaajila. 14 Yeroon lafa irratti duumessa fidu hundumaatti, sabbatichi duumessa sana keessatti ni mulʼata. 15 Anis kakuu koo isan ofii fi isin gidduutti, akkasumas ofii fi uumamawwan jiraatoo akaakuu hundumaa gidduutti gale dhugumaan nan yaadadha; kana booda foon kan taʼe hundumaa balleessuuf bishaan badiisaa matumaa deebiʼee hin dhufu.+ 16 Sabbanni sun duumessa keessatti ni mulʼata; anis yommuun isa argu kakuu bara baraa isa Waaqayyoo fi uumamawwan jiraatoo akaakuu hundumaa warra lafa irratti argamanii wajjin galame dhugumaan nan yaadadha.”
17 Ammas Waaqayyo irra deebiʼee Nohiin, “Anaa fi uumamawwan foon taʼan warra lafa irratti argaman gidduutti mallattoon kakuu ani galuu isa kana dha”+ jedhe.
18 Ilmaan Noh warri doonicha keessaa baʼan Seem, Kaamii fi Yaafeet turan.+ Kaam yeroo booda Kanaʼaaniin ni dhalche.+ 19 Kanneen sadan kun ilmaan Noh turan; uummanni lafa irraa hundi isaan irraa kan argame yeroo taʼu, boodas bakka adda addaatti ni faffacaʼe.+
20 Noh qonnaan bulaa taʼe; muka wayiniis ni dhaabe. 21 Gaaf tokko Noh daadhii wayinii dhugee machaaʼe; achiis dunkaana isaa keessatti qullaa isaa taʼe. 22 Kaam inni abbaa Kanaʼaan taʼes qullaa abbaa isaa argee obboloota isaa lamaan warra ala turanitti hime. 23 Kanaafuu, Seemii fi Yaafeet uffata fuudhanii gateettii isaanii irra kaaʼatanii gara duubaa deemaa gara keessaatti seenan. Akka kanaan akkuma fuulli isaanii isa irraa garagaletti qullaa abbaa isaanii ni haguugan; isaan qullaa abbaa isaanii hin argine.
24 Nohis machii daadhii wayinii isaa irraa dammaqee wanta ilmi isaa inni quxisuun isa irratti raawwate yommuu hubatu 25 akkana jedhe:
“Kanaʼaan kan abaarame haa taʼu.+
Inni obboloota isaatiif garbicha gad aanaa haa taʼu.”+
26 Itti dabaluudhaanis akkana jedhe:
“Waaqa Seem kan taʼe Yihowaan haa jajamu,
Kanaʼaanis garbicha isaa haa taʼu.+
27 Waaqayyo Yaafeetiif iddoo balʼaa haa kennu,
Inni dunkaanota Seem keessa haa jiraatu.
Kanaʼaan isaafis garbicha haa taʼu.”
28 Noh Bishaan Badiisaa sana booda waggaa 350 jiraate.+ 29 Walumaa galatti Noh waggaa 950 jiraate; achiis ni duʼe.
10 Seenaan Seem,+ Kaamii fi Yaafeet warra ilmaan Noh taʼanii kana dha.
Isaan Bishaan Badiisaa booda ilmaan ni dhalchan.+ 2 Ilmaan Yaafeet, Gomeer,+ Maagoog,+ Maadaay, Yaawaan, Tuubaal,+ Meesheekii+ fi Tiraas+ turan.
3 Ilmaan Gomeer, Ashkenaaz,+ Riifaatii fi Togaarmaa+ turan.
4 Ilmaan Yaawaan, Elishaa,+ Tarshiish,+ Kiitimii+ fi Dodaaniim turan.
5 Jiraattonni odolawwanii akka qooqa qooqa isaaniitti, akka maatiiwwan isaaniittii fi akka saboota isaaniitti gara biyya biyya isaaniitti kan faffacaʼan kanneen kana irraa ture.
6 Ilmaan Kaam, Kuush, Mizraayiim,+ Puutii+ fi Kanaʼaan+ turan.
7 Ilmaan Kuush, Seebaa,+ Hawiilaa, Saabtaa, Raaʼaamaa+ fi Saabtekaa turan.
Ilmaan Raaʼaamaa, Sheebaa fi Deedaan turan.
8 Kuush Naamrudiin dhalche. Naamrud lafa irratti nama jabaa isa jalqabaa ture. 9 Inni Yihowaa mormuudhaan adamsituu jabaa taʼe. Jechi, “Inni akkuma Naamrud isa Yihowaa mormuudhaan adamsituu jabaa taʼe sanaa ti” jedhu kan dhufe kana irraa ture. 10 Magaalonni bulchiinsa isaa jala turan warri jalqabaa Baabel,+ Eereek,+ Akaadii fi Kaalnee warra biyya Shinaar+ keessa jiran turan. 11 Innis biyya sana keessaa baʼee gara Asoor+ dhaquudhaan Nanawwee,+ Rehoboot Iir, Kaalaa, 12 akkasumas Reseen ishii Nanawwee fi Kaalaa gidduutti argamtu ijaare: Ishiinis* magaalaa guddoo turte.
13 Mizraayiim Luudimiin,+ Anaamiimiin, Lehaabiimiin, Naaftuhiimiin,+ 14 Phaatrusiimiin,+ Kaasluhiimiin (isa Filisxeemonni+ irraa argaman), akkasumas Kaaftoriimiin+ dhalche.
15 Kanaʼaan ilma isaa isa angafaa Siidoonii+ fi Heetiin,+ 16 akkasumas Yebuusicha,+ Amooricha,+ Girgaashicha, 17 Hiiwicha,+ Arqicha, Siinicha, 18 Arwaadicha,+ Zemaarichaa fi Hamaaticha+ dhalche. Sana booda maatiiwwan Kanaʼaanotaa ni faffacaʼan. 19 Kanaafuu, daangaan Kanaʼaanotaa Siidoon irraa jalqabee hamma Geraar+ ishii Gaazaa+ biratti argamtuutti, hamma Sodoom, Gomoraa,+ Admaa fi Zeboʼiim+ warra Laashaa biratti argamaniitti gaʼa ture. 20 Ilmaan Kaam akka maatiiwwan isaaniittii fi akka qooqa qooqa isaaniitti, akkasumas akka biyya biyya isaaniittii fi akka saboota isaaniitti kanneen kana turan.
21 Seem inni akaakilii ilmaan Ebeer+ hundumaa taʼee fi obboleessa Yaafeet isa angafaa* taʼes ilmaan ni dhalche. 22 Ilmaan Seem, Eelaam,+ Ashuur,+ Arfaaksaad,+ Luudii fi Aaraam+ turan.
23 Ilmaan Aaraam Uuz, Huul, Geeterii fi Maash turan.
24 Arfaaksaad Sheelaa+ dhalche; Sheelaan immoo Ebeeriin dhalche.
25 Ebeer ilmaan lama dhalche. Maqaan isa tokkoo Feeleg*+ ture; sababiin isaas, bara jireenyaa isaatti lafti qoqqoodamtee turte.* Maqaan obboleessa isaa immoo Yoqxaan+ ture.
26 Yoqxaan Almodaadiin, Sheleefiin, Hazaarmaawetiin, Yeeraa,+ 27 Hadoraamiin, Uuzaaliin, Diqlaa, 28 Obaaliin, Abimaaʼeliin, Sheebaa, 29 Ofiiriin,+ Hawiilaa fi Yobaabiin dhalche; kanneen kun hundi ilmaan Yoqxaan turan.
30 Bakki jireenyaa isaanii Meeshaa irraa jalqabee Sefaar, jechuunis naannoo gaarota Bahaa bira gaʼa ture.
31 Ilmaan Seem akka maatiiwwan isaaniittii fi akka qooqa qooqa isaaniitti, akkasumas akka biyya biyya isaaniittii fi akka saboota isaaniitti kanneen kana turan.+
32 Maatiiwwan ilmaan Noh akka hidda dhalootaa isaaniittii fi akka saboota isaaniitti kanneen kana turan. Bishaan Badiisaa booda saboonni lafa irratti kan faffacaʼan kanneen kana irraa ture.+
11 Yeroo kanatti guutummaan lafaa qooqa tokkichaa fi jechoota wal fakkaatanitti fayyadamti turte. 2 Isaan kallattii bahaatiin yommuu deeman biyya Shinaar+ keessatti dirree sulula keessaa tokko argatanii achi jiraachuu jalqaban. 3 Achiis, “Kottaa, xuubii tolchinee ibiddaan haa gubnu” waliin jedhan. Kanaafuu, isaan bakka dhagaa xuubii, wal qabsiisuuf immoo reenjii akka leeleetti fayyadaman. 4 Yeroo kanatti isaan, “Kottaa, guutummaa lafaa irratti akka hin faffacaaneef+ ofii keenyaaf magaalaa tokkoo fi gamoo fiixeen isaa samii bira gaʼu haa ijaarrannu; maqaan keenyas beekamaa akka taʼu haa goonu” jedhan.
5 Achiis Yihowaan magaalaa fi gamoo ilmaan namootaa ijaaran sana ilaaluuf gad ni buʼe. 6 Sana booda Yihowaan akkana jedhe: “Kunoo, namoonni kun tokkummaa qabu; qooqni isaaniis tokko dha;+ isaan wanta kana gochuu jalqabaniiru. Wanta gochuuf yaadan kana akka hin raawwanne wanti isaan dhowwuu dandaʼu hin jiru. 7 Mee achitti gad buunee akka isaan qooqa walii isaanii hin hubanneef, qooqa isaanii waliin haa dhoofnu.”+ 8 Kanaafuu, Yihowaan bakka sana irraa guutummaa lafaa irratti isaan faffacaase;+ isaanis suutuma suuta magaalattii ijaaruu dhiisan. 9 Yihowaan qooqa guutummaa lafaa kan waliin dhaʼee fi Yihowaan guutummaa lafaa irratti kan isaan faffacaase bakka sana irraa waan taʼeef, bakki sun Baabel*+ jedhame.
10 Seenaan Seem+ kana dha.
Seem Bishaan Badiisaa gaʼee waggaa lama booda yeroo Arfaaksaadiin+ dhalchetti umuriin isaa waggaa 100 ture. 11 Seem Arfaaksaadiin erga dhalchee booda waggaa 500 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche.+
12 Arfaaksaad waggaa 35 erga jiraatee booda Sheelaa ni dhalche.+ 13 Arfaaksaad Sheelaa erga dhalchee booda waggaa 403 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche.
14 Sheelaan waggaa 30 erga jiraatee booda Ebeeriin ni dhalche.+ 15 Sheelaan Ebeeriin erga dhalchee booda waggaa 403 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche.
16 Ebeer waggaa 34 erga jiraatee booda Feelegiin ni dhalche.+ 17 Ebeer Feelegiin erga dhalchee booda waggaa 430 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche.
18 Feeleg waggaa 30 erga jiraatee booda Reʼuu ni dhalche.+ 19 Feeleg Reʼuu erga dhalchee booda waggaa 209 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche.
20 Reʼuun waggaa 32 erga jiraatee booda Seruugiin ni dhalche. 21 Reʼuun Seruugiin erga dhalchee booda waggaa 207 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche.
22 Seruug waggaa 30 erga jiraatee booda Naahoriin ni dhalche. 23 Seruug Naahoriin erga dhalchee booda waggaa 200 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche.
24 Naahor waggaa 29 erga jiraatee booda Taaraa ni dhalche.+ 25 Naahor Taaraa erga dhalchee booda waggaa 119 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche.
26 Taaraan waggaa 70 ni jiraate; achiis Abraam,+ Naahorii+ fi Kaaraaniin ni dhalche.
27 Seenaan Taaraa kana dha.
Taaraan Abraam, Naahorii fi Kaaraaniin ni dhalche; Kaaraan immoo Looxiin+ ni dhalche. 28 Abbaan isaa Taaraan utuma lubbuudhaan jiruu, Kaaraan biyya itti dhalatetti, jechuunis Uur+ ishii magaalaa Kaladootaa+ taate keessatti duʼe. 29 Abraamii fi Naahor haadha manaa ni fuudhan. Maqaan haadha manaa Abraam Saaraay yeroo taʼu,+ maqaan haadha manaa Naahor immoo Miilkaa+ ture; ishiin intala Kaaraan isa abbaa Miilkaa fi Yiskaa taʼe sanaa ti. 30 Yeroo kanatti Saaraay dhabduu* turte;+ dhalas hin qabdu turte.
31 Achiis Taaraan ilma isaa Abraamiin, ilma Kaaraan kan taʼe ilma ilma isaa Looxiin,+ akkasumas Saaraay ishii haadha manaa ilma isaa Abraam taate ni fudhate; isaanis gara biyya Kanaʼaan+ deemuuf Uur ishii magaalaa Kaladootaa taate keessaa baʼanii isaa wajjin deeman. Yeroo boodas gara Kaaraan+ dhufanii achi jiraachuu jalqaban. 32 Taaraan waggaa 205 jiraate. Achiis Kaaraan keessatti duʼe.
12 Yihowaanis Abraamiin akkana jedhe: “Biyya kee, firoottan kee fi mana abbaa kee dhiisiitii gara biyya ani sitti argisiisu dhaqi.+ 2 Ani saba guddaa sin godha; sin eebbisa; maqaa kee guddaa nan godha; atis warra kaaniif eebba ni taata.+ 3 Warra si eebbisan nan eebbisa; isa si abaaru immoo nan abaara;+ maatiiwwan lafa irraa hundis dhugumaan karaa kee ni eebbifamu.”*+
4 Kanaafuu, Abraam akkuma Yihowaan itti himetti ni deeme; Looxis isaa wajjin deeme. Abraam yommuu Kaaraan keessaa baʼee deemetti umuriin isaa waggaa 75 ture.+ 5 Abraam haadha manaa isaa Saaraayii+ fi ilma obboleessa isaa Looxiin,+ akkasumas miʼawwan walitti qabatanii+ fi namoota* Kaaraan keessatti argatan hundumaa fudhatee baʼe; achiis gara biyya Kanaʼaanitti qajeelan.+ Yommuu biyya Kanaʼaan gaʼanittis, 6 Abraam hamma naannoo Sheekem+ isa mukeetii guguddaa Mooree+ biratti argamu bira gaʼutti, biyyattii keessa ni deeme. Yeroo sanatti Kanaʼaanonni biyyattii keessa jiru turan. 7 Yeroo kanatti Yihowaan Abraamitti mulʼatee, “Ani biyya kana sanyii keetiif+ nan kenna”+ jedhe. Kanaafuu, inni achitti Yihowaa isa isatti mulʼatee tureef iddoo aarsaa ni ijaare. 8 Boodas achii baʼee gara naannoo gaarotaa Beetel+ irraa kallattii bahaatiin argamuu ni dhaqe; achiis Beeteliin kallattii dhihaatti, Aayiin+ immoo kallattii bahaatti hambisee dunkaana isaa dhaabe. Achittis Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ijaaree,+ maqaa Yihowaa waammachuu jalqabe.+ 9 Sana booda, Abraam buufata isaa buqqisee bakka tokkoo kaʼee bakka kan biraa buufachaa gara Negeeb+ deeme.
10 Yeroo kanatti biyyattii keessatti beelli ni buʼe; beelichi biyyattii keessatti waan hammaateef,+ Abraam yeroo muraasaaf*+ achi jiraachuuf gara Gibxiitti gad buʼe. 11 Yommuu gara Gibxiitti seenuuf jedhanis haadha manaa isaa Saaraayiin akkana jedhe: “Maaloo na dhagaʼi! Ati baayʼee bareedduu akka taate beeka.+ 12 Kanaafuu, warri Gibxii yommuu si argan, ‘Tun haadha manaa isaa ti’ akka jedhan beekamaa dha. Achiis na ajjeesu; siin garuu ni dhiisu. 13 Sababii keetiin wanti hamaan akka na irra hin geenyee fi lubbuudhaan akkan ooluuf, maaloo ati obboleettii tiyya akka taate dubbadhu.”+
14 Abraam akkuma Gibxiitti seeneen, warri Gibxii dubartittiin baayʼee bareedduu akka taate hubatan. 15 Bulchitoonni Faraʼoonis ishii argan; isaan ishii jajanii Faraʼoonitti waan himaniif, dubartittiin gara Faraʼoonitti geeffamte. 16 Innis sababii ishiitiin Abraamiif kunuunsa ni godhe; hoolota, loon, harroota wadalaa fi harroota dhaltuu, tajaajiltoota dhiiraa fi durbaa, akkasumas gaalota isaaf ni kenne.+ 17 Yeroo kanatti Yihowaan Saaraay haadha manaa Abraamiin+ kan kaʼe Faraʼoonii fi maatii isaa dhaʼicha cimaadhaan ni rukute. 18 Kanaafuu, Faraʼoon Abraamiin waamee akkana isaan jedhe: “Wanti ati na irratti raawwatte kun maali dha? Ishiin haadha manaa tee taʼuu ishii maaliif natti hin himne? 19 ‘Ishiin obboleettii tiyya’ maaliif jette?+ Ani haadha manaa godhee ishii fudhachuufan ture. Haati manaa tee kunoo ti. Fudhadhuu deemi!” 20 Kanaafuu, Faraʼoon Abraamiin ilaalchisee namoota isaatiif ajaja ni kenne; isaanis haadha manaa isaa fi wanta inni qabu hundumaa wajjin isa geggeessan.+
13 Achiis Abraam haadha manaa isaa fi wanta qabu hundumaa fudhatee Looxii wajjin Gibxii keessaa baʼee gara Negeeb dhaqe.+ 2 Abraam nama baayʼee sooressa taʼee fi horii, meetii fi warqii qabu ture.+ 3 Innis hamma Beetelii fi Aay gidduu bakka dunkaanni isaa ture gaʼutti, Negeeb irraa kaʼee gara Beetelitti yommuu deemaa turetti bakka adda addaa buufata ture;+ 4 kunis bakka inni kanaan dura iddoo aarsaa itti ijaaree ture sana dha. Achittis Abraam maqaa Yihowaa ni waammate.
5 Loox inni Abraamii wajjin deemaa tures, hoolota, loonii fi dunkaanota qaba ture. 6 Kanaafuu, hundi isaanii iddoo tokko jiraachuuf lafti sun isaan hin geenye; qabeenyi isaanii akka malee waan baayʼateefis sana booda isaan waliin jiraachuu hin dandeenye. 7 Kanaan kan kaʼes, namoota horii Abraam tiksanii fi namoota horii Loox tiksan gidduutti walitti buʼiinsi ni uumame. (Yeroo sanatti Kanaʼaanonnii fi Pheriizonni biyyattii keessa jiraatu turan.)+ 8 Kanaafuu, Abraam Looxiin+ akkana jedhe: “Nuti obbolaa waan taaneef, maaloo, anaa fi si gidduutti, tiksitoota koo fi tiksitoota kee gidduuttis walitti buʼiinsi uumamuu hin qabu. 9 Biyya kana keessatti bakka barbaadde filattee jiraachuu dandeessa. Maaloo, ana irraa addaan baʼi. Ati gara bitaatti yoo deemte, ani gara mirgaatti nan deema; ati gara mirgaatti yoo deemte immoo ani gara bitaatti nan deema.” 10 Kanaafuu, Loox ol jedhee yommuu ilaalu, guutummaan koonyaa Yordaanos hamma Zoʼaaritti+ (Yihowaan Sodoomii fi Gomoraa balleessuu isaa dura) akka iddoo biqiltuu Yihowaa+ fi akka biyya Gibxiitti naannoo bishaan quufe taʼuu isaa ni arge.+ 11 Achiis Loox guutummaa koonyaa Yordaanos ni filate; sana booda buufata isaa gara bahaatti geesse. Akka kanaan isaan wal irraa addaan ni baʼan. 12 Abraam biyya Kanaʼaan keessa jiraate; Loox garuu magaalota koonyaa sanaa keessa jiraate.+ Dhuma irrattis, inni dunkaana isaa Sodoom bira ni dhaabe. 13 Namoonni Sodoom hamootaa fi warra Yihowaa irratti cubbuu guddaa hojjetan turan.+
14 Loox isa irraa erga addaan baʼee booda Yihowaan Abraamiin akkana jedhe: “Maaloo, ol jedhiitii bakka jirtu kana irraa gara kaabaa fi gara kibbaa, akkasumas gara bahaa fi gara dhihaa ilaali; 15 sababiin isaas, ani biyya ilaaltu kana hundumaa sii fi sanyii keetiif dhaala dhaabbataa godhee nan kenna.+ 16 Ani sanyii kee akka biyyoo lafaa nan godha; akkuma biyyoon lafaa lakkaaʼamuu hin dandeenye, sanyiin kees lakkaaʼamuu kan hin dandeenye taʼa.+ 17 Biyyattii waanan sii kennuuf, kaʼiitii dheerinaa fi balʼina ishiitiin biyyattii keessa deemi.” 18 Kanaafuu, Abraam dunkaana keessa jiraachuu isaa itti fufe. Boodas dhufee mukeetii guguddaa Maamree+ warra Kebroon+ keessatti argaman bira jiraate; achittis Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ijaare.+
14 Bara Amraafel mootii Shinaar,+ Ariyook mootii Eelaasaar, Kadorlaaʼomer+ mootii Eelaamii+ fi Tiidaal mootii Gooyimitti, 2 mootonni kun Beeraa mootii Sodoom,+ Birshaa mootii Gomoraa,+ Shinaab mootii Admaa, Shemeber mootii Zeboʼiim,+ akkasumas mootii Beelaa ishii Zoʼaar jedhamtu sanaa wajjin waraana godhan. 3 Kanneen kun hundi Sulula* Siidiimitti,+ jechuunis Galaana Soogiddaatti*+ raayyaa waraanaa isaanii walitti qabatan.
4 Isaan waggaa 12f Kadorlaaʼomeriin tajaajilaa turan; waggaa 13ffaatti garuu isa irratti fincila kaasan. 5 Kanaafuu, waggaa 14ffaatti Kadorlaaʼomerii fi mootonni isaa wajjin turan dhufanii Refaayimiin Ashteroot Qarnaayim keessatti, Zuziimiin Kaam keessatti, Eemiimiin+ Shaawee Qiriʼaataayim keessatti, 6 akkasumas Hooritota+ gaara isaanii Seʼiir+ irraa jalqabee hamma El Phaaraan isa lafa onaa biratti argamu keessatti ni injifatan. 7 Achiis duubatti garagalanii gara Een Mishpaat, jechuunis gara Qaadesh+ dhufanii, guutummaa naannoo Amaaleqotaa+ fi Amoorota+ warra Hazaazoon Taamaar+ keessa jiraachaa turan ni injifatan.
8 Yeroo kanatti, mootiin Sodoom, mootiin Gomoraa, mootiin Admaa, mootiin Zeboʼiimii fi mootiin Beelaa ishii Zoʼaar jedhamtu sanaa baʼanii Sulula* Siidiim keessatti isaan waraanuuf tarree galan; 9 isaan Kadorlaaʼomer mootii Eelaam, Tiidaal mootii Gooyim, Amraafel mootii Shinaarii fi Ariyook mootii Eelaasaar+ irratti waraana banan; mootonni afur mootota shanii wajjin wal waraanan. 10 Sululli* Siidiim boollawwan reenjii hedduu qaba ture; mootonni Sodoomii fi Gomoraa baqachuuf yommuu yaalii godhan boollawwan sana keessatti kukkufan; warri hafanis gara naannoo gaarotaatti baqatan. 11 Achiis warri injifatan sun miʼawwan warra Sodoomii fi warra Gomoraa, akkasumas nyaata isaanii hunda fudhatanii karaa isaanii deeman.+ 12 Kana malees isaan Loox isa ilma obboleessa Abraam taʼee fi Sodoom keessa jiraachaa ture,+ akkasumas miʼawwan isaa fudhatanii karaa isaanii itti fufan.
13 Sana booda namichi miliqe tokko dhufee wanta taʼe Abraam Ibrichatti hime. Yeroo sanatti Abraam mukeetii guguddaa Maamree Amooricha+ isa obboleessa Eshkoolii fi Aneer+ taʼe sanaa bira* jiraata ture. Namoonni kun michoota Abraam turan. 14 Akka kanaan, Abraam firri* isaa+ boojuudhaan fudhatamuu isaa dhagaʼe. Yeroo kanatti inni namoota isaa warra leenjiʼan, jechuunis tajaajiltoota isaa 318 warra mana isaa keessatti dhalatan walitti qabee hamma Daanitti+ weerartoota sana duukaa buʼe. 15 Halkan keessas namoota isaa ni hihire; achiis innii fi tajaajiltoonni isaa haleelanii isaan injifatan. Sana booda hamma Hoobaa ishii kaaba Damaasqootti argamtuutti isaan ariʼe. 16 Miʼawwan hundumaas ni deebisiise; kana malees, Loox isa fira isaa taʼe, miʼawwan isaa, dubartootaa fi namoota kaan ni deebisiise.
17 Abraam Kadorlaaʼomerii fi mootota isaa wajjin turan injifatee erga deebiʼee booda, mootiin Sodoom Sulula* Shaawee, jechuunis Sulula Mootichaa+ biratti Abraamiin argachuuf ni baʼe. 18 Malkiseedeq+ mootiin Saalemis+ daabboo fi daadhii wayinii fuudhee baʼe; inni luba Waaqa Hundaa Olii ture.+
19 Achiis akkana jedhee isa eebbise:
“Waaqni Hundaa Olii,
Inni samii fi lafa tolche Abraamiin haa eebbisu;
20 Waaqni Hundaa Olii,
Inni warra si cunqursan dabarsee sitti kenne haa jajamu!”
Abraamis wanta hundumaa irraa harka kudhan keessaa harka tokko isaaf kenne.+
21 Sana booda mootiin Sodoom Abraamiin, “Namoota* sana naaf kenni; miʼawwan sana garuu ofii keetiif fudhadhu” jedhe. 22 Abraam garuu mootii Sodoomiin akkana jedhe: “Ani harka koo gara Yihowaa isa Waaqa Hundaa Olii, isa samii fi lafa tolchetti kaasee nan kakadha, 23 ati ‘Anatu Abraamiin sooromse’ akka hin jenneef, foʼaa yookiin hidhaa kophee yoo taʼe illee wanta kan kee taʼe keessaa tokko iyyuu hin fudhadhu. 24 Wanta dargaggoonni nyaatan sana malee ani waan tokko illee hin fudhadhu. Warri anaa wajjin dhaqan, jechuunis Aneer, Eshkoolii fi Maamreen+ garuu gaʼee isaanii haa fudhatan.”
15 Kana booda dubbiin Yihowaa mulʼataan gara Abraam dhufee, “Abraam, hin sodaatin.+ Ani gaachana kee ti.+ Badhaasa baayʼee guddaa taʼe ni argatta”+ isaan jedhe. 2 Abraamis deebisee, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ani mucaa dhabuu koo fi Eliiʼezar+ namni biyya Damaasqoo mana koo kan dhaalu taʼuu isaa ni argita; egaa maal naaf kennita ree?” jedhe. 3 Itti dabaluudhaanis, “Ati dhala* naaf hin kennine;+ miseensi* maatii koo tokko na dhaaluuf jedha” jedhe. 4 Yeroo kanatti dubbiin Yihowaa, “Ilmuma keetu* si dhaala malee, namni kun si hin dhaalu” jedhee isaaf deebise.+
5 Sana booda alatti gad isa baasee, “Yoo dandeesse, maaloo, gara samiitti ol ilaaliitii urjiilee lakkaaʼi” isaan jedhe. Achiis, “Sanyiin kees akkanuma ni taʼa”+ isaan jedhe. 6 Abraam Yihowaatti amane,+ innis kana akka qajeelummaatti isaaf lakkaaʼe.+ 7 Itti dabaluudhaanis, “Ani Yihowaa isa biyya kana dhaalaan siif kennuudhaaf Uur ishii magaalaa Kaladootaa keessaa si baase dha” isaan jedhe.+ 8 Yeroo kanatti Abraam, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ani biyyattii akkan dhaalu akkamittan beeka?” jedhe. 9 Innis deebisee, “Goromsa waggaa sadii, reʼee goromtii waggaa sadii, korbeessa hoolaa waggaa sadii, gugee bosonaa tokkoo fi cuucii gugee tokko naa fidi” isaan jedhe. 10 Kanaafuu, inni kana hundumaa fidee bakka lama lamatti erga kukkutee booda, warra kukkutaman sana fuullee walii ni kaaʼe; gugeewwan sana garuu hin kukkunne. 11 Achiis allaattiiwwan foon sana irra buʼuu jalqaban; Abraam garuu isaan ariʼuu isaa itti fufe.
12 Yeroo aduun lixuuf jettus Abraam hirribni cimaan isa fudhate; dukkanni cimaanii fi sodaachisaanis isa irra buʼe. 13 Achiis Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe: “Sanyiin kee biyya kan isaanii hin taane keessatti orma taʼanii akka jiraatanii fi namoonni achi jiranis garboota godhatanii waggaa 400f akka isaan cunqursan beeki.+ 14 Haa taʼu malee, ani saba isaan tajaajiluuf jiran sana irratti nan murteessa;+ sana booda isaan miʼawwan hedduu fudhatanii achi keessaa ni baʼu.+ 15 Ati garuu nagaadhaan gara abbootii keetti ni deemta; bara dheeraa jiraattees ni awwaalamta.+ 16 Haa taʼu malee, cubbuun Amoorotaa amma iyyuu safarri isaa waan hin guunneef,+ isaan dhaloota arfaffaatti asitti ni deebiʼu.”+
17 Yommuu aduun lixxuu fi baayʼee dukkanaaʼuttis, iddoon ibiddaa* aaru tokko ni mulʼate; gucni* bobaʼu tokkos foon sana gidduu ni darbe. 18 Guyyaa sanatti Yihowaan akkana jedhee Abraamii wajjin kakuu gale:+ “Ani laga Gibxiitii jalqabee hamma laga isa guddaatti, jechuunis hamma laga Efraaxisitti,+ biyya kana sanyii keetiif nan kenna;+ 19 kunis biyya Qeenotaa,+ biyya Qeenizotaa, biyya Qaadmootaa, 20 biyya Heetotaa,+ biyya Pheriizotaa,+ biyya Refaayim,+ 21 biyya Amoorotaa, biyya Kanaʼaanotaa, biyya Girgaashotaa fi biyya Yebuusotaa+ ti.”
16 Saaraay haati manaa Abraam ijoollee isaaf hin deenye turte;+ haa taʼu malee, ishiin tajaajiltuu nama biyya Gibxii taatee fi Aggaar+ jedhamtu tokko qabdi turte. 2 Saaraayis Abraamiin, “Maaloo na dhagaʼi! Yihowaan ijoollee akkan hin deenye na godheera. Maaloo, tajaajiltuu tiyyaa wajjin saalqunnamtii raawwadhu. Tarii karaa ishii ijoollee nan argadhan taʼa” jette.+ Kanaafuu, Abraam wanta Saaraay jette ni dhagaʼe. 3 Abraam biyya Kanaʼaan keessa waggaa kudhaniif erga jiraatee booda, Saaraay haati manaa Abraam tajaajiltuu ishii Aggaar ishii nama biyya Gibxii taate fuutee haadha manaa akka isaaf taatuuf abbaa manaa ishii Abraamiif kennite. 4 Kanaafuu, inni Aggaarii wajjin saalqunnamtii raawwate; ishiinis ni ulfoofte. Akka ulfoofte yommuu hubattus, giiftii ishii tuffachuu jalqabde.
5 Yeroo kanatti Saaraay Abraamiin, “Miidhaa ana irra gaʼeef situ itti gaafatama. Tajaajiltuu tiyya bobaa kee jala kan siif kaaʼe ana dha; ishiin garuu akka ulfoofte yommuu hubattu na tuffachuu jalqabde. Yihowaan anaa fi si gidduutti murtii haa kennu” jette. 6 Abraamis Saaraayiin, “Kunoo, tajaajiltuun tee aangoo kee jala jirti. Wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate kam iyyuu ishii irratti raawwadhu” jedhe. Achiis Saaraay ishii salphiste; Aggaaris ishii biraa baqattee deemte.
7 Boodas maleekaan Yihowaa burqaa lafa onaa keessa jiru, jechuunis burqaa daandii gara Shuuritti+ geessu irra jiru tokko biratti ishii arge. 8 Innis, “Yaa Aggaar tajaajiltuu Saaraay eessaa dhufte? Eessa deemaa jirta?” ishiidhaan jedhe. Ishiinis, “Ani giiftii tiyya Saaraay jalaa baqadhee deemaan jira” isaan jette. 9 Yeroo kanatti maleekaan Yihowaa, “Gara giiftii teetti deebiʼiitii ishiidhaaf bitami”* ishiidhaan jedhe. 10 Achiis maleekaan Yihowaa, “Ani sanyiin kee baayʼee hedduu akka taʼu nan godha; baayʼina isaaniitiin kan kaʼes lakkaaʼamuu kan hin dandeenye ni taʼu”+ ishiidhaan jedhe. 11 Itti dabaluudhaanis maleekaan Yihowaa akkana ishiidhaan jedhe: “Kunoo, ati ulfoofteetta; ilmas ni deessa; Yihowaan dhiphattee iyyuu kee waan dhagaʼeef, maqaa isaa Ishmaaʼel* jedhii moggaasi. 12 Inni akka harree bosonaa* ni taʼa. Nama hundumaa irratti harka isaa ni kaasa; namni hundis isa irratti harka ni kaasa; inni faallaa obboloota isaa hundumaatiin ni jiraata.”*
13 Achiis ishiin, “Ani amma isa na argu sana nan arge jechuu dhaa?” jechuudhaan, “Ati Waaqa wanta hundumaa argu dha”+ jettee maqaa Yihowaa isa ishiitti dubbachaa ture sanaa ni waammatte. 14 Maqaan boolla bishaanii sanaa Beʼeer Lahaay Roʼii* kan jedhame kanaafi. (Boolli bishaanii kun Qaadeshii fi Beered gidduutti argama.) 15 Aggaaris Abraamiif ilma ni deesse; Abraamis maqaa ilma Aggaar isaaf deesse sanaa Ishmaaʼel+ jedhee moggaase. 16 Aggaar yommuu Ishmaaʼeliin isaaf deessetti Abraam umuriin isaa waggaa 86 ture.
17 Abraam yommuu umuriin isaa waggaa 99 taʼutti Yihowaan isatti mulʼatee akkana isaan jedhe: “Ani Waaqa Hundumaa Dandaʼu dha. Ana duratti deddeebiʼi; mudaa* kan hin qabne taʼuu kees argisiisi. 2 Kakuu koo anaa fi si gidduutti nan cimsa;+ akka malees sin baayʼisa.”+
3 Yeroo kanatti Abraam adda isaatiin ni gombifame; Waaqayyos akkana jedhee isaa wajjin dubbachuu isaa itti fufe: 4 “Kunoo, ani sii wajjin kakuu galeera;+ atis dhugumaan abbaa saboota hedduu ni taata.+ 5 Kana booda maqaan kee Abraam* hin jedhamu; ani abbaa saboota hedduu waanan si godhuuf maqaan kee Abrahaam* jedhama. 6 Baayʼee akka hortu waanan godhuuf, saboonni hedduun si irraa ni argamu; mootonnis si keessaa ni baʼu.+
7 “Ani sii fi sanyii kee warra si booda dhufaniif Waaqa taʼuudhaaf, anaa fi si gidduutti, akkasumas anaa fi sanyii kee warra si booda dhufan guutummaa dhaloota isaanii gidduutti kakuu bara baraa akka taʼuuf kakuu koo nan eega.+ 8 Biyya nama biyya ormaa taatee keessa jiraatte,+ jechuunis guutummaa biyya Kanaʼaan sii fi sanyii kee warra si booda dhufaniif dhaala dhaabbataa taʼe godhee nan kenna; Waaqa isaaniis nan taʼa.”+
9 Itti dabaluudhaanis Waaqayyo Abrahaamiin akkana jedhe: “Atii fi sanyiin kee warri si booda dhufan dhalootaa hamma dhalootaatti kakuu koo eeguu qabdu. 10 Kakuun koo inni anaa fi isin gidduutti galame, inni atii fi sanyiin kee warri si booda dhufan eeguu qabdan isa kana dha: Dhiirri isin gidduutti argamu kam iyyuu dhaqna qabamuu qaba.+ 11 Isin foon qolofa* keessanii murachuu qabdu; kunis kakuu anaa fi isin gidduutti galameef mallattoo ni taʼa.+ 12 Guutummaa dhaloota keessanii keessatti, dhiirri guyyaa saddeet guutee fi isin gidduutti argamu kam iyyuu, dhiirri mana keessatti dhalate kam iyyuu, dhiirri sanyii kee hin taanee fi nama biyya ormaa irraa maallaqaan bitame kam iyyuu dhaqna qabamuu qaba.+ 13 Dhiirri mana kee keessatti dhalate kam iyyuu, akkasumas dhiirri maallaqaan bitame kam iyyuu dhaqna qabamuu qaba;+ kakuun koo inni foon keessan irra jiru kakuu dhaabbataa ni taʼa. 14 Dhiirri dhaqna hin qabamne kam iyyuu foon qolofa isaa hin muratu taanaan, namni* sun saba isaa gidduudhaa balleeffamuu* qaba. Inni kakuu koo cabseera.”
15 Achiis Waaqayyo Abrahaamiin akkana jedhe: “Maqaan ishii Saaraa* waan jedhamuuf, kana booda haadha manaa tee Saaraayiin,*+ Saaraay jettee hin waamin. 16 Ani ishii nan eebbisa, ishii irraas ilma siif nan kenna;+ ishii nan eebbisa, saboonnis ishii irraa ni argamu; mootonni sabootaa ishii keessaa ni baʼu.” 17 Yeroo kanatti Abrahaam adda isaatiin ni gombifame; achiis kolfaa garaa isaatti,+ “Namni umuriin isaa waggaa 100 taʼe mucaa dhalchuu ni dandaʼaa? Saaraan ishiin umuriin ishii waggaa 90 taʼe hoo daʼuu ni dandeessii?” jedhe.+
18 Kanaafuu, Abrahaam Waaqa dhugaatiin, “Ishmaaʼel si duratti fudhatama argatee haa jiraatu!” jedhe.+ 19 Yeroo kanatti Waaqayyo akkana isaan jedhe: “Haati manaa tee Saaraan dhugumaan ilma siif ni deessi; atis maqaa isaa Yisihaaq*+ jedhii moggaasi. Sanyii isaa warra isa booda dhufaniif kakuu bara baraa akka taʼuufis kakuu koo isaa wajjin nan cimsa.+ 20 Haa taʼu malee, waaʼee Ishmaaʼel wanta dubbatte dhagaʼeera. Kunoo, ani isa nan eebbisa; ijoollee hedduu isaaf nan kenna; akka malees isa nan baayʼisa. Inni ilmaan geggeessitoota taʼan 12 ni qabaata; anis saba guddaa isa nan godha.+ 21 Haa taʼu malee, ani Yisihaaq isa waggaa dhufu yeroo murteeffame kanatti+ Saaraan siif deessuu wajjin kakuu koo nan cimsa.”+
22 Waaqayyo isaa wajjin dubbachuu isaa yommuu xumuru Abrahaam biraa ni deeme. 23 Abrahaamis ilma isaa Ishmaaʼeliin, dhiirota mana isaa keessatti dhalatan hundumaa fi dhiirota maallaqaan bite hundumaa, akkasumas dhiirota mana isaa keessa jiran hundumaa fuudhee akkuma Waaqayyo isatti dubbatetti guyyuma sanatti foon qolofa isaanii isaan irraa ni mure.+ 24 Abrahaam yeroo foon qolofa isaa murametti umuriin isaa waggaa 99 ture.+ 25 Ilmi isaa Ishmaaʼel yeroo foon qolofa isaa murametti umuriin isaa waggaa 13 ture.+ 26 Guyyuma sanatti Abrahaam dhaqna ni qabame; ilmi isaa Ishmaaʼelis dhaqna ni qabame. 27 Dhiironni mana isaa hundi, dhiirri mana isaa keessatti dhalate kam iyyuu, akkasumas dhiirri maallaqaan nama biyya ormaa irraa bitame kam iyyuu isaa wajjin dhaqna ni qabaman.
18 Abrahaam guyyicha keessaa yeroo baayʼee hoʼaa taʼetti, balbala dunkaanichaa bira taaʼee utuu jiruu, Yihowaan+ mukeetii guguddaa Maamree+ gidduutti isatti mulʼate. 2 Ol jedhee yommuu ilaalus, namoonni sadii xinnuma isa irraa fagaatanii dhaabbachuu isaanii arge.+ Yommuu isaan argus, balbala dunkaanichaa biraa kaʼee isaan simachuuf ni fiige; lafatti gombifamees ni sagade. 3 Achiis akkana jedhe: “Yaa Yihowaa, si duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, maaloo, ana tajaajilaa kee bira hin darbin. 4 Maaloo, bishaan xinnoon isiniif haa dhufu, miila keessan dhiqadhaa;+ achiis mukicha jalatti boqodhaa. 5 Isin as gara ana tajaajilaa keessanii dhuftaniittu; humna keessan akka haareffattaniif* daabboo xinnoon isiniif fida. Achiis karaa keessan itti fufuu dandeessu.” Isaanis, “Tole, akkuma jette godhi” isaan jedhan.
6 Kanaafuu, Abrahaam saffisaan gara dunkaana Saaraan keessa jirtu sanaa deemee, “Dafi, daakuu bullaaʼaa safartuu* sadii fuudhii bukeessiitii bixxillee tolchi” ishiidhaan jedhe. 7 Achiis Abrahaam gara looniitti fiigee jibicha baʼeessa foon isaa lallaafu tokko filate. Achiis tajaajilaa isaatti kenne; innis jibicha sana dafee qopheesse. 8 Sana booda inni dhadhaa fi aannan, akkasumas jibicha qopheesse sana fuudhee nyaaticha isaaniif dhiheesse. Yommuu isaan nyaatanis inni mukicha jala isaan bira dhaabbatee ture.+
9 Isaanis, “Haati manaa tee Saaraan+ eessa jirti?” isaan jedhan. Innis, “As dunkaana keessa jirti” jedhee isaaniif deebise. 10 Isaan keessaa inni tokkos itti fufuudhaan, “Ani waggaa dhufu yeroo kanatti dhugumaan gara keetti nan deebiʼa; kunoo, haati manaa tee Saaraan ilma ni deessi”+ jedhe. Yeroo kanatti Saaraan balbala dunkaanichaa isa namicha duubaan jiru bira taatee dhaggeeffachaa turte. 11 Abrahaamii fi Saaraan dulloomanii, umuriin isaaniis sokkee ture.+ Umuriin Saaraan mucaa itti daʼuu dandeessus darbee ture.*+ 12 Kanaafuu Saaraan, “Erga umuriin koo sokkee fi gooftaan koos erga dulloomee booda dhuguma gammachuu kana argachuu nan dandaʼaa?”+ jettee garaa ishiitti kolfuu jalqabde. 13 Achiis Yihowaan Abrahaamiin akkana jedhe: “Saaraan, ‘Ani ergan dulloomee booda dhuguma daʼuu nan dandaʼaa?’ jettee maaliif kolfite? 14 Wanti Yihowaadhaaf hin dandaʼamne jiraa?+ Ani waggaa dhufu yeroo murteeffame kanatti gara keetti nan deebiʼa; Saaraanis ilma ni deessi.” 15 Saaraan garuu waan sodaatteef, “Ani hin kolfine!” jettee haalte.* Yeroo kanatti inni, “Lakki, kolfiteetta” ishiidhaan jedhe.
16 Namoonni sunis deemuuf kaʼanii gara Sodoom yommuu gad ilaalan,+ Abrahaam isaan geggeessuuf isaanii wajjin ni deeme. 17 Yeroo kanatti Yihowaan akkana jedhe: “Ani wantan gochuuf jedhu Abrahaamiin nan dhoksaa?+ 18 Abrahaam dhugumaan saba guddaa fi jabaa ni taʼa; saboonni lafa irraa hundis karaa isaa ni eebbifamu.*+ 19 Ilmaan isaa fi maatiin isaa warri isa booda dhufan wanta sirrii fi haqa taʼe raawwachuudhaan daandii Yihowaa akka eegan akka isaan ajajuuf, ani Abrahaamiin beekeera;+ kunis Yihowaan wanta Abrahaamiin ilaalchisee waadaa gale akka raawwatuufi.”
20 Achiis Yihowaan akkana jedhe: “Dhuguma iyyuu, iyyi Sodoomii fi Gomoraa ilaalchisee dhihaatu guddaa dha;+ cubbuun isaaniis baayʼee ulfaataa dha.+ 21 Ani isaan akkuma iyya isa na bira gaʼe sanaa gochuu fi dhiisuu isaanii ilaaluuf gad nan buʼa. Taʼuu baannaanis wanta kana beekuu nan dandaʼa.”+
22 Sana booda namoonni sun achii baʼanii gara Sodoom deeman; Yihowaan+ garuu Abrahaam biratti hafe. 23 Achiis Abrahaam Waaqayyotti dhihaatee akkana jedhe: “Ati dhuguma isa qajeelaa isa hamaa wajjin ni balleessitaa?+ 24 Namoonni qajeeloon 50ni magaalattii keessa jiru haa jennu. Maarree, ati isaan ni balleessitaa? Namoota qajeeloo 50 warra ishii keessatti argamaniif jettee magaalaa sanaaf dhiifama hin gootuu? 25 Wanti wal fakkaatu nama qajeelaa fi nama hamaa irra akka gaʼuuf, nama qajeelaa nama hamaa wajjin ajjeesuudhaan tarkaanfii akkanaa matumaa hin fudhattu!+ Kun wanta hin yaadamne dha.+ Abbaan murtii guutummaa lafaa wanta sirrii taʼe hin raawwatuu ree?”+ 26 Achiis Yihowaan, “Magaalaa Sodoom keessatti namoota qajeeloo 50 yoon argadhe, isaaniif jedhee guutummaa magaalattiitiif dhiifama nan godha” jedhe. 27 Abrahaam garuu ammas deebisee akkana jedhe: “Ani biyyoo fi daaraa taʼee utuun jiruu, kunoo, onnadhee Yihowaatti dubbachuu koo itti fufeera. 28 Qajeelota 50 sana keessaa shan hirʼateera haa jennu. Shanan sanaaf jettee guutummaa magaalattii ni balleessitaa?” Innis yeroo kanatti, “Ani magaalattii keessatti qajeelota 45 yoon argadhe ishii hin balleessu” jedhe.+
29 Inni garuu ammas, “Qajeelonni 40ni ishii keessatti argamaniiru haa jennu” isaan jedhe. Innis, “Ani qajeelota 40 sanaaf jedhee ishii hin balleessu” jedhee deebise. 30 Taʼus, inni ammas itti fufuudhaan, “Yaa Yihowaa, maaloo hin aarin;+ ammas dubbachuu koo akkan itti fufu naaf heyyami. Qajeelonni 30ni achi keessatti argamaniiru haa jennu” jedhe. Innis, “Ani qajeelota 30 achi keessatti yoon argadhe ishii hin balleessu” jedhee deebise. 31 Inni garuu itti fufuudhaan, “Kunoo, ani onnadhee Yihowaatti dubbachuu koo itti fufeera. Qajeelonni 20ni qofti achi keessatti argamaniiru haa jennu” jedhe. Innis, “Ani qajeelota 20 sanaaf jedhee ishii hin balleessu” jedhee deebise. 32 Dhuma irrattis inni, “Yaa Yihowaa, maaloo hin aarin; yeruma tokko akkan dubbadhu naaf heyyami. Qajeelonni kudhan qofti achi keessatti argamaniiru haa jennu” jedhe. Innis, “Ani qajeelota kurnan sanaaf jedhee ishii hin balleessu” jedhee deebise. 33 Yihowaan Abrahaamitti dubbachuu isaa erga xumuree booda karaa isaa deeme;+ Abrahaamis iddoo isaatti deebiʼe.
19 Maleekonni lamaan sun gara galgalaa biyya Sodoom gaʼan; Looxis karra Sodoom bira taaʼaa ture. Loox yommuu isaan argu, isaan simachuuf kaʼe; adda isaatiinis lafatti gombifamee sagade.+ 2 Achiis, “Maaloo, yaa gooftolii koo, gara mana ana tajaajilaa keessaniitti goraatii as bulaa; miilli keessanis isiniif haa dhiqamu. Achiis ganamaan kaatanii karaa keessan qajeeluu dandeessu” isaaniin jedhe. Yeroo kanatti isaan, “Lakki, addabaabayii keessa bulla” jedhan. 3 Inni garuu cimsee waan isaan kadhateef, isaa wajjin gara mana isaa dhaqan. Achiis affeerraa isaaniif qopheesse; maxinoo isaaniif ni tolche; isaanis ni nyaatan.
4 Ciisuu isaanii duras, namoonni magaalattii, jechuunis dhiironni Sodoom keessa jiran isa xinnaadhaa hamma isa maanguddootti hundi isaanii tuuta tokko taʼanii manichatti marsan. 5 Irra deddeebiʼanii Looxiin waamuudhaanis, “Namoonni harʼa galgala gara kee dhufan eessa jiru? Nuti isaanii wajjin saalqunnamtii akka raawwannuuf gad nuu baasi” isaan jedhan.+
6 Achiis Loox gara isaaniitti gad baʼee duuba isaatiin balbalicha cufe. 7 Akkanas isaaniin jedhe: “Yaa obboloota koo, maaloo, hammina hin raawwatinaa. 8 Maaloo kunoo, ani ijoollee durbaa matumaa dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwatanii hin beekne lama qaba. Maaloo, wanta gaarii fakkaatee isinitti mulʼate akka isaan irratti raawwattaniif isaaniin gad isiniif nan baasa. Namoonni kun garuu gaaddisa baaxii mana kootii jalatti eegumsa argachuuf waan dhufaniif, isaan irratti homaa hin raawwatinaa.”+ 9 Yeroo kanatti isaan, “Nu duraa deemi!” isaan jedhan. Itti dabaluudhaanis, “Namichi biyya ormaa kopha galeessi as jiraachuuf dhufe kun nu irratti abbaa murtii taʼuu barbaadaa? Nuti wanta isaan irratti gochuu yaanne irra hammaatu si irratti ni raawwanna” jedhan. Isaanis Looxiin humnaan dhiibanii balbalicha cabsuuf gara fuulduraa deeman. 10 Kanaafuu, namoonni mana keessa turan sun harka isaanii hiixatanii Looxiin gara keessaatti ofitti fudhatan; achiis balbalicha ni cufan. 11 Namoota balbala manichaa dura turanis isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti ni jaamsan; kanaan kan kaʼes, isaan balbala sana argachuuf akkanumaan of dadhabsan.
12 Achiis namoonni sun Looxiin akkana jedhan: “Asii fira kan biraa qabdaa? Soddoota kee, ijoollee dhiiraa kee, ijoollee durbaa kee fi namoota kee warra magaalattii keessa jiran hundumaa bakka kanaa baasi! 13 Sababiin isaas, nuti bakka kana balleessuuf jenna; iyyi isaaniin ilaalchisee dhihaatu dhugumaan Yihowaa duratti guddaa taʼuu isaatiin kan kaʼe,+ Yihowaan magaalaa kana akka balleessinu nu ergeera.” 14 Kanaafuu, Loox gad baʼee soddoota isaa warra ijoollee durbaa isaa fuudhuuf turaniin irra deddeebiʼee, “Kaʼaa! Yihowaan magaalaa kana waan balleessuuf bakka kanaa baʼaa!” jedhe. Soddoonni isaa garuu, qoosaa waan jiru isaanitti fakkaate.+
15 Yommuu lafti ifuu jalqabus maleekonni Looxiin ariifachiisanii, “Kaʼi! Ati cubbuu magaalattiitiin akka hin balleeffamnetti, haadha manaa tee fi ijoollee durbaa kee lamaan warra si bira jiran fudhadhuu baʼi!” isaan jedhan.+ 16 Yommuu inni mamuttis, gara laafina Yihowaan isaaf qabuun kan kaʼe+ namoonni sun harka isaa, harka haadha manaa isaa fi harka ijoollee durbaa isaa lamaanii cimsanii qabuudhaan magaalattiidhaa alatti isaan baasan.+ 17 Akkuma magaalattiidhaa alatti isaan baasaniin, isaan keessaa inni tokko, “Lubbuu keessan oolfachuuf baqadhaa! Gara duuba keessanii hin ilaalinaa;+ kutaa koonyaa sanaa isa kam iyyuu keessa hin dhaabbatinaa!+ Akka hin balleeffamneef, gara naannoo gaarotaa sanaatti baqadhaa!” jedhe.
18 Achiis Loox akkana isaaniin jedhe: “Yaa Yihowaa, maaloo, achitti hin baqadhu! 19 Maaloo, amma ani tajaajilaan kee si duratti fudhatama argadheera; atis lubbuudhaan na oolchuudhaan gaarummaa guddaa* natti argisiisteetta;+ balaan na argatee akkan hin duune waanan sodaadhuuf,+ ani gara naannoo gaarotaa sanatti baqachuu hin dandaʼu. 20 Maaloo kunoo, magaalaan kun dhihoo dha; anis gara ishiitti baqachuu nan dandaʼa; ishiin baayʼee xinnoo dha. Maaloo achitti baqadhee ooluu? Ishiin baayʼee xinnoo dha. Anis lubbuudhaan nan oola.” 21 Innis akkana isaan jedhe: “Gaarii dha, ani magaalaa jette sana oolchuudhaanis+ gaarummaa sitti nan argisiisa.+ 22 Dafii achitti baqadhu; sababiin isaas, hamma ati achi geessutti ani homaa gochuu hin dandaʼu!”+ Inni maqaa magaalattii Zoʼaar*+ jedhee kan moggaase kanaafi.
23 Loox yeroo Zoʼaar gaʼutti aduun biyyattii irratti baatee turte. 24 Achiis Yihowaan Sodoomii fi Gomoraa irratti dinyii* fi ibidda roobse; kunis kan dhufe Yihowaa biraa samii irraa ture.+ 25 Kanaafuu, inni magaalota sana, jiraattota magaalota sanaa fi biqiltoota lafaa hundumaa dabalatee guutummaa koonyaa sanaa ni garagalche.+ 26 Haati manaa Loox ishiin isa duuba turte garuu, gara duuba ishii ni ilaalte; achiis siidaa soogiddaa taate.+
27 Abrahaamis ganama bariidhaan kaʼee, gara iddoo Yihowaa dura itti dhaabbachaa ture sanaa dhaqe.+ 28 Yommuu gara Sodoomii fi Gomoraa, akkasumas gara biyya guutummaa koonyaa sanaatti gad ilaalus wanta baayʼee nama sodaachisu tokko arge. Biyya sana keessaas aarri guddaan aara guddaa iddoo ibiddaatii baʼu fakkaatu ol baʼaa ture!+ 29 Kanaafuu, Waaqayyo yeroo magaalota koonyaa sanaa balleessetti, magaalota Loox keessa jiraachaa turee fi garagalche sana keessaa Looxiin baasuudhaan Abrahaamiin ni yaadate.+
30 Boodas Loox Zoʼaar+ keessa jiraachuu waan sodaateef, ijoollee durbaa isaa lamaanii wajjin Zoʼaar keessaa baʼee naannoo gaarotaa keessa jiraachuu jalqabe.+ Akka kanaan, inni ijoollee durbaa isaa lamaanii wajjin holqa tokko keessa jiraachuu jalqabe. 31 Intalli isaa ishiin angafaas quxisuu ishiitiin akkana jette: “Abbaan keenya dulloomeera; akka barsiifata guutummaa lafaattis biyyattii keessa dhiirri nuu wajjin saalqunnamtii raawwatu hin jiru. 32 Kottu, akka inni dhuguuf abbaa keenyaaf daadhii wayinii haa kenninu; isaa wajjin ciisnees abbaa keenya irraa sanyii haa hambifannu.”
33 Kanaafuu, gaafa sana galgala akka inni dhuguuf irra deddeebiʼanii abbaa isaaniitiif daadhii wayinii kennan; achiis ishiin angafaa seentee abbaa ishii wajjin ciiste; inni garuu yeroo ishiin dhaqxee ciistes taʼe yeroo ishiin kaate hin beekne. 34 Achiis guyyaa itti aanutti ishiin angafaa quxisuu ishiitiin, “Kunoo, ani kaleessa halkan abbaa koo wajjin ciiseera. Akka inni dhuguuf harʼa galgalas daadhii wayinii isaaf haa kenninu. Achiis seeniitii isaa wajjin ciisi; nutis abbaa keenya irraa sanyii haa hambifannu” jette. 35 Gaafa sana galgalas isaan akka inni dhuguuf irra deddeebiʼanii abbaa isaaniitiif daadhii wayinii kennan; achiis ishiin quxisuun dhaqxee isaa wajjin ciiste; inni garuu yeroo ishiin dhaqxee ciistes taʼe yeroo ishiin kaate hin beekne. 36 Akka kanaan, ijoolleen durbaa Loox lamaan abbaa isaanii irraa ni ulfaaʼan. 37 Ishiin angafaa ilma ni deesse; maqaa isaas Moʼaab+ jettee moggaaste. Inni abbaa Moʼaabota yeroo ammaatti argamanii ti.+ 38 Ishiin quxisuunis ilma ni deesse; maqaa isaas Benʼamii jettee moggaaste. Inni abbaa Amoonota+ yeroo ammaatti argamanii ti.
20 Abrahaam buufata isaa achii kaasee+ gara biyya Negeebitti geessuudhaan Qaadeshii+ fi Shuur+ gidduu jiraachuu jalqabe. Utuma Geraar+ keessa jiraachaa* jiruus, 2 haadha manaa isaa Saaraa ilaalchisee ammas, “Ishiin obboleettii tiyya” jedhe.+ Kanaafuu, Abimelek mootiin Geraar Saaraatti nama ergee ishii fudhate.+ 3 Boodas Waaqayyo halkan keessa abjuudhaan gara Abimelek dhufee, “Ishiin kan heerumtee fi kan nama kan biraa waan taateef,+ sababii dubartii fudhatte sanaatiin ati ni duuta”+ isaan jedhe. 4 Abimelek garuu ishiitti hin dhihaanne ture.* Kanaafuu akkana jedhe: “Yaa Yihowaa, ati saba balleessaa hin qabne ni ajjeestaa? 5 Inni, ‘Ishiin obboleettii tiyya’ naan hin jennee? Ishiin hoo, ‘Inni obboleessa kiyya’ naan hin jennee? Ani garaa qajeelaa fi harka qulqulluudhaan kana godheera.” 6 Achiis Waaqni dhugaan abjuudhaan akkana isaan jedhe: “Ati garaa qajeelaadhaan kana akka goote nan beeka; kanaafuu, ana irratti cubbuu akka hin hojjenneef si dhowweera. Ati ishii akka tuqxu kanan siif hin heyyamne kanaafi. 7 Ammas haadha manaa namichaa deebisi; inni raajii waan taʼeef,+ siif jecha wawwaannaa ni dhiheessa;+ atis lubbuudhaan jiraachuu kee itti fufta. Ishii hin deebistu taanaan garuu, atii fi warri kan kee taʼan hundi dhugumaan akka duutan beeki.”
8 Abimelekis ganama bariidhaan kaʼee, tajaajiltoota isaa hundumaa waamee wantoota kana hundumaa isaanitti hime; isaaniis baayʼee sodaatan. 9 Achiis Abimelek Abrahaamiin waamee, “Wanti ati nu irratti raawwatte kun maali dha? Ati anaa fi mootummaa koo irratti cubbuu guddaa akkanaa kan fidde, ani cubbuu maalii si irratti raawwannaani? Wanti ana irratti raawwatte kun sirrii miti.” 10 Abimelek itti dabaluudhaan Abrahaamiin, “Kaayyoo maaliitiif wanta kana ana irratti raawwatte?” jedhe.+ 11 Abrahaamis akkana jedhe: “Akkana kanan godhe, ‘Biyya kana keessa Waaqayyoon sodaachuun akka hin jirre beekamaa dha; sababii haadha manaa tiyyaanis na ajjeesu’ jedhee waanan yaadeefi.+ 12 Kana malees, ishiin dhuguma iyyuu obboleettii tiyya; ishiin intala haadha tiyyaa taʼuu baattus, intala abbaa kootii ti; boodas haadha manaa tiyya taate.+ 13 Waaqayyo mana abbaa koo keessaa baʼee akkan jooru yeroo na godhetti+ ani, ‘Ati akka kanaan jaalala amanamaa natti argisiista; bakka dhaqnu hundumaatti waaʼee koo, “Inni obboleessa koo ti” jedhii dubbadhu’ ishiidhaan nan jedhe.”+
14 Achiis Abimelek hoolota, loon, tajaajiltoota dhiiraa fi tajaajiltoota durbaa fuudhee Abrahaamiif ni kenne; haadha manaa isaa Saaraas isaaf ni deebise. 15 Itti dabaluudhaanis Abimelek, “Kunoo, biyyi koo si dura jira. Bakka feete jiraachuu dandeessa” isaan jedhe. 16 Saaraadhaanis, “Kunoo, ani obboleessa keetiif meetii sheeqilii* 1,000 nan kenna.+ Kunis, warra sii wajjin jiran hundumaa fi namoota kaan hundumaa duratti ati qulqulluu taʼuu keetiif mallattoo* ni taʼa; atis komii irraa bilisa dha” jedhe. 17 Abrahaamis Waaqa dhugaatti wawwaannaa dhiheessuu jalqabe; Waaqayyos Abimelekiin, haadha manaa isaa fi garbittiiwwan isaa ni fayyise; isaanis ijoollee daʼuu jalqaban; 18 Yihowaan, Saaraa haadha manaa Abrahaamiin kan kaʼe dubartoota mana Abimelek hundumaa dhabduu* godhee* ture.+
21 Yihowaan akkuma jedhee turetti Saaraa ni yaadate; Yihowaan wanta waadaa galee ture Saaraadhaaf ni raawwate.+ 2 Kanaafuu, Saaraan ni ulfoofte;+ akkuma Waaqayyo waadaa isaaf galee turetti, yeroo murteeffame sanatti, bara dulluma isaatti Abrahaamiif ilma ni deesse.+ 3 Abrahaam ilma Saaraan isaaf deesse sana maqaa isaa Yisihaaq jedhee moggaase.+ 4 Abrahaam akkuma Waaqayyo isa ajajee turetti, yommuu ilmi isaa Yisihaaq dhalatee guyyaa saddeet taʼutti dhaqna isa qabe.+ 5 Abrahaam ilmi isaa Yisihaaq yommuu isaaf dhalatetti umuriin isaa waggaa 100 ture. 6 Achiis Saaraan, “Waaqayyo akkan kolfu na godheera; namni kana dhagaʼe hundis anaa wajjin ni kolfa”* jette. 7 Itti dabaluudhaanis, “Namni Abrahaamiin, ‘Saaraan dhugumaan ijoollee ni hoosisti’ jedhu jira turee? Taʼus, bara dulluma isaatti ani isaaf ilma daʼeera” jette.
8 Mucichis guddatee harma guʼe; guyyaa Yisihaaq harma guʼettis Abrahaam affeerraa guddaa qopheesse. 9 Saaraan garuu ilmi Aggaar+ ishiin nama Gibxii Abrahaamiif deesse sun Yisihaaqitti akka qoosu ni argiti turte.+ 10 Kanaafuu Saaraan Abrahaamiin, “Ilmi garbittii tanaa ilma koo Yisihaaqii wajjin dhaaluu waan hin qabneef, garbittii tanaa fi ilma ishii ariʼi!” jette.+ 11 Taʼus wanti ishiin ilma isaa ilaalchisee dubbatte Abrahaamiin baayʼee gaddisiise.+ 12 Achiis Waaqayyo Abrahaamiin akkana jedhe: “Mucichaa fi garbittii tee ilaalchisee wanta Saaraan siin jechaa jirtutti hin gaddin. Inni sanyii kee jedhamee waamamu karaa Yisihaaq dhufa waan taʼeef,+ wanta ishiin siin jettu* dhagaʼi. 13 Ilmi garbittii sanaa+ sanyii kee waan taʼeef, ani isa keessaas sabni akka baʼu nan godha.”+
14 Kanaafuu, Abrahaam ganama bariidhaan kaʼee daabboo fi qalqalloo bishaanii fuudhee Aggaariif kenne. Wantoota kanas gateettii ishii irra kaaʼee mucichaa wajjin ishii geggeesse.+ Ishiinis bakka sanaa deemtee lafa onaa Ber Sheebaa+ keessa asii fi achi joorte. 15 Dhuma irrattis bishaan qalqalloo sana keessa ture ni dhume; ishiinis mucicha tusii tokko jalatti gatte. 16 Ishiin, “Yommuu mucichi duʼu ilaaluu hin barbaadu” jettee, hamma darbannaa xiyya tokkoo fagaattee deemtee kophaa ishii teesse. Kanaafuu, isa irraa fagaattee teessee, sagalee ishii ol kaastee iyyuu fi booʼuu jalqabde.
17 Yeroo kanatti Waaqayyo sagalee mucichaa ni dhagaʼe;+ maleekaan Waaqayyoos samii keessaa Aggaariin waamee akkana ishiidhaan jedhe:+ “Yaa Aggaar, maal taate? Waaqayyo bakka mucichi jiru irraa sagalee isaa waan dhagaʼeef hin sodaatin. 18 Saba guddaa waanan isa godhuuf,+ kaʼi, mucicha kaasiitii harka keetiin cimsii isa qabi.” 19 Achiis Waaqayyo ija ishii ni bane; ishiinis boolla bishaanii tokko argite; deemtees qalqalloo sanatti bishaan guuttee mucicha obaaste. 20 Waaqayyo mucichaa wajjin ture;+ innis ni guddate. Lafa onaa keessa ni jiraate; nama xiyya darbatus ni taʼe. 21 Inni lafa onaa Phaaraan+ keessa jiraachuu jalqabe; haati isaas biyya Gibxiitii haadha manaa isaaf fidde.
22 Yeroo kanatti Abimelek ajajaa raayyaa waraanaa isaa Fikoolii wajjin taʼuudhaan Abrahaamiin akkana jedhe: “Wanta gootu hundumaa irratti Waaqayyo sii wajjin jira.+ 23 Kanaafuu, amma ana, ijoollee koo fi sanyii koo akka hin gowwoomsine, akkasumas anaa fi biyya keessa jiraachaa jirtuuf jaalala amanamaa ani sitti argisiise akka argisiistu maqaa Waaqayyootiin anaaf kakadhu.”+ 24 Abrahaamis, “Tole, nan kakadha” jedhe.
25 Haa taʼu malee, Abrahaam boolla bishaanii isa tajaajiltoonni Abimelek humnaan fudhatan sana ilaalchisee komii qabu Abimelekitti hime.+ 26 Abimelekis, “Kana kan godhe eenyu akka taʼe ani hin beeku; atis waaʼee kanaa anatti hin himne; hamma harʼaatti ani waaʼee kanaa waan tokko illee hin dhageenye” jedhee isaaf deebise. 27 Yeroo kanatti Abrahaam hoolotaa fi loon fuudhee Abimelekiif kenne; lamaan isaaniis kakuu waliif galan. 28 Abrahaam hoolota goromtii torba bushaayee isaa keessaa yommuu addaan foʼutti, 29 Abimelek Abrahaamiin, “Hoolota goromtii torban kana warra kaan irraa addaan kan foote maaliifi?” jedhe. 30 Abrahaamis, “Ani boolla bishaanii kana akkan qote ragaa akka taʼuuf hoolota goromtii torban kana ana harkaa fudhadhu” isaan jedhe. 31 Lamaan isaanii iyyuu bakka sanatti waan waliif kakataniif, inni iddoo sana Ber Sheebaa* jedhee moggaase.+ 32 Akka kanaan, isaan Ber Sheebaatti kakuu waliif ni galan;+ sana booda Abimelek ajajaa raayyaa waraanaa isaa Fikoolii wajjin ni kaʼe; isaanis gara biyya Filisxeemotaatti+ deebiʼan. 33 Sana booda Abrahaam Ber Sheebaatti muka taamaariskii tokko ni dhaabe; bakka sanattis maqaa Yihowaa+ isa Waaqa bara baraa+ taʼe ni waammate. 34 Abrahaamis biyya Filisxeemotaa keessa yeroo dheeraadhaaf* jiraate.*+
22 Kana booda Waaqni dhugaan Abrahaamiin ni qore;+ “Yaa Abrahaam!” jedhee isa waame; Abrahaamis, “Kunoo asan jira!” jedhee deebise. 2 Achiis, “Maaloo, ilma kee tokkicha isa baayʼee jaallattu+ Yisihaaqiin+ fuudhii gara biyya Mooriyaa+ dhaqi; achittis gaarota ani sitti argisiisu keessaa isa tokko irratti aarsaa gubamu godhiitii isa dhiheessi” jedhe.
3 Abrahaamis ganama bariidhaan kaʼee harree isaa feʼate; achiis tajaajiltoota isaa lamaa fi ilma isaa Yisihaaqiin fudhatee kaʼe. Qoraan aarsaa gubamu sanaaf taʼu ni falaxe; achiis kaʼee gara bakka Waaqni dhugaan isatti argisiisetti qajeele. 4 Guyyaa sadaffaattis Abrahaam ol jedhee bakka jedhame sana fagootti arge. 5 Yeroo kanatti Abrahaam tajaajiltoota isaatiin, “Isin harree kanaa wajjin asuma turaa, anii fi mucichi garuu gamatti ceenee waaqeffannaa dhiheessinee gara keessanitti deebina” jedhe.
6 Kanaafuu, Abrahaam qoraan aarsaan gubamu itti dhihaatu sana fuudhee ilma isaa Yisihaaqiin baachise. Ibiddichaa fi halbee* sana immoo harka isaatti qabate; lamaan isaaniis waliin ni deeman. 7 Achiis Yisihaaq abbaa isaa Abrahaamiin, “Yaa abbaa koo!” jedhe. Innis, “Oo, yaa ilma koo!” jedhee isaaf deebise. Yisihaaqis itti fufuudhaan, “Ibiddii fi qoraanichi kunoo ti; hoolaan aarsaa gubamu taʼee dhihaatu garuu eessa jira?” jedhee isa gaafate. 8 Abrahaamis deebisee, “Yaa ilma koo, hoolaa isa aarsaa gubamu+ taʼee dhihaatu Waaqayyo ofuma isaatii ni qopheessa” isaan jedhe. Achiis lamaan isaanii waliin ni deeman.
9 Dhuma irrattis bakka Waaqni dhugaan isatti argisiise sana bira gaʼan; Abrahaamis bakka sanatti iddoo aarsaa ijaaree achi irratti qoraan tarreessee wal irra naqe. Harkaa fi miila Yisihaaq hidhees iddoo aarsaa sana irratti qoraanicha irra isa ciibse.+ 10 Achiis Abrahaam ilma isaa qaluuf harka isaa hiixatee halbee* sana fudhate.+ 11 Haa taʼu malee, maleekaan Yihowaa samii keessaa, “Abrahaam, Abrahaam!” jedhee isa waame. Innis, “Kunoo asan jira!” jedhee deebise. 12 Achiis, “Mucicha hin miidhin; wanta tokko illees isa irratti hin raawwatin; ati nama Waaqayyoon sodaatu taʼuu kee ani amma beekeera; sababiin isaas, ati ilma kee isa tokkicha na hin dhowwanne” isaan jedhe.+ 13 Yeroo kanatti Abrahaam ol jedhee yommuu ilaalu, isa irraa gamatti korbeessi hoolaa tokko gaanfi isaa tusii keessatti qabamee arge. Kanaafuu, Abrahaam deemee hoolaa sana fuudhee bakka ilma isaa aarsaa gubamu godhee dhiheesse. 14 Abrahaamis bakka sana Yihowaa Yirʼee* jedhee moggaase. Hamma harʼaattis, “Yihowaan gaara isaa irratti wanta barbaachisu ni qopheessa”+ kan jedhamu kanaafi.
15 Ammas maleekaan Yihowaa yeroo lammataatiif samii keessaa Abrahaamiin waamee, 16 akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani ofiin nan kakadha,+ ati kana waan gooteef, ilma kee isa tokkichas waan na hin dhowwanneef,+ 17 ani dhugumaan sin eebbisa; dhugumaan sanyii kee akka urjiilee samii fi akka cirracha qarqara galaanaatti nan baayʼisa;+ sanyiin kees karra* diinota isaa ni dhaala.+ 18 Ati sagalee koo waan dhageesseef, saboonni lafa irraa hundi sanyii keetiin+ ofii isaaniitiif eebba ni argatu.’”+
19 Sana booda Abrahaam gara tajaajiltoota isaatti deebiʼe; isaanis kaʼanii walii wajjin gara Ber Sheebaatti+ deebiʼan; Abrahaamis Ber Sheebaa keessa jiraachuu isaa itti fufe.
20 Sana booda akkana jedhamee Abrahaamitti himame: “Kunoo, Miilkaanis Naahor obboleessa keetiif+ ilmaan deesseetti; 21 isaanis ilma isaa isa angafaa Uuz, obboleessa isaa Buuz, abbaa Aaraam kan taʼe Qemuʼel, 22 Keseed, Hazoo, Pildaash, Yidlaafii fi Beetuʼeli.”+ 23 Beetuʼel Ribqaa+ dhalche. Miilkaan Naahor obboleessa Abrahaamiif ilmaan saddeettan kana ni deesse. 24 Saajjatoon* isaa ishiin Reʼuumaa jedhamtus ilmaan isaaf ni deesse; isaanis Tebaa, Gaahaam, Taahaashii fi Maʼaakaa turan.
23 Saaraan waggaa 127 ni jiraatte; barri jireenyaa ishii hammana ture.+ 2 Saaraan Qiriyaat Arbaa,+ jechuunis Kebroon+ ishii biyya Kanaʼaan+ keessatti argamtutti ni duute; Abrahaamis Saaraadhaaf gadduu fi booʼuu jalqabe. 3 Achiis Abrahaam reeffa haadha manaa isaa biraa kaʼee, ilmaan Heetiin+ akkana jedhe: 4 “Ani isin gidduutti nama biyya ormaa fi qubataa dha.+ Reeffa koo akkan awwaalladhuuf isin gidduutti lafa bakka awwaalchaatiif taʼu naa kennaa.” 5 Yeroo kanatti ilmaan Heet akkana jedhanii Abrahaamiif deebisan: 6 “Yaa gooftaa koo, nu dhagaʼi. Ati nu gidduutti ajajaa Waaqayyo filate* dha.+ Reeffa kee iddoo awwaalchaa keenya isa hundumaa irra caalu keessatti awwaallachuu dandeessa. Nu keessaa reeffa kee akka hin awwaallanneef, namni iddoo awwaalchaa isaa si dhowwatu tokko illee hin jiru.”
7 Kanaafuu, Abrahaam kaʼee namoota biyyattii, jechuunis ilmaan Heet+ duratti ni sagade; 8 achiis akkana isaaniin jedhe: “Reeffa koo akkan awwaalladhu erga naaf heyyamtanii, na dhaggeeffadhaa; Efroon ilmi Zohaar 9 holqa Maakfelaa isa kan isaa taʼe akka natti gurguru isa naaf kadhadhaa; holqi sun qarqara maasii isaatti argama. Ani lafa bakka awwaalchaatiif+ taʼu akkan qabaadhuuf, inni gatii+ guutuu holqichi baasuun isin duratti natti haa gurguru.”
10 Yeroo kanatti Efroon ilmaan Heet gidduu taaʼee ture. Kanaafuu, Efroon Heetichi utuma ilmaan Heet isa dhagaʼanii, namoota karra magaalattiitti+ seenan hundumaa duratti akkana jedhee Abrahaamiif deebise: 11 “Hin taʼu, yaa gooftaa koo! Na dhagaʼi. Ani maasichaa fi holqa achi keessa jiru siif nan kenna. Ilmaan saba kootii duratti maasicha siif nan kenna. Reeffa kee awwaalladhu.” 12 Yeroo kanatti Abrahaam namoota biyyattii duratti ni sagade; 13 utuma namoonni sun isa dhagaʼaniis, “Fedhii kee yoo taʼe na dhagaʼi! Ani gatii guutuu maasichi baasu siif nan kenna. Reeffa koo achitti akkan awwaalladhuuf, gatii isaa na harkaa fudhadhu” jedhee Efroonitti dubbate.
14 Achiis Efroon akkana jedhee Abrahaamiif deebise: 15 “Yaa gooftaa koo, na dhagaʼi. Lafti kun meetii sheeqilii* 400 baasa; kun immoo anaa fi siif homaa jechuu miti. Kanaafuu, reeffa kee awwaalladhu.” 16 Abrahaamis Efrooniin ni dhagaʼe; achiis hamma meetii isa utuma ilmaan Heet isa dhagaʼanii dubbate sana, jechuunis akka madaallii daldaltoota biratti fudhatama qabutti meetii sheeqilii* 400 madaalee Efrooniif ni kenne.+ 17 Akka kanaan maasiin Efroon inni Maakfelaa keessatti argamuu fi Maamreetti dhihoo jiru, jechuunis maasichii fi holqi achi keessatti argamu, akkasumas mukeetiin daangaa maasichaa keessatti argaman hundi, 18 bakka ilmaan Heet argamanitti, akkasumas warra karra magaalaa isaatti seenan hundumaa duratti qabeenya Abrahaam bite taʼuun isaa ni mirkanaaʼe. 19 Sana booda Abrahaam holqa maasii Maakfelaa ishii Maamree bira jirtu keessatti, jechuunis Kebroon ishii biyya Kanaʼaan keessatti argamtutti haadha manaa isaa Saaraa ni awwaale. 20 Akka kanaan, ilmaan Heet maasichaa fi holqa achi keessatti argamu iddoo awwaalchaa akka isaaf taʼuuf qabeenya Abrahaam godhanii isaaf kennan.+
24 Abrahaam dulloomee, umuriin isaas sokkee ture; Yihowaan karaa hundumaatiin Abrahaamiin eebbisee ture.+ 2 Abrahaamis tajaajilaa isaa isa warra mana isaa keessa jiran hundumaa umuriidhaan caaluu fi wanta inni qabu hunda toʼatuun+ akkana jedhe: “Maaloo, harka kee gudeeda koo jala kaaʼi; 3 shamarran Kanaʼaanotaa ani gidduu isaanii jiraadhu kana keessaa ilma koo akka hin fuusisne maqaa Yihowaa isa Waaqa samii fi Waaqa lafaa taʼeen sin kaksiisa.+ 4 Kanaa mannaa, gara biyya koo fi gara firoottan koo+ dhaqiitii ilma koo Yisihaaqiif haadha manaa fidi.”
5 Tajaajilaan sun garuu, “Shamarreen sun anaa wajjin gara biyya kanaatti dhufuuf fedhii hin qabdu yoo taʼe hoo? Ilma kee gara biyya ati irraa dhuftetti deebisuun qabaa?”+ isaan jedhe. 6 Yeroo kanatti Abrahaam akkana isaan jedhe: “Ilma koo achitti akka hin geessine of eeggadhu.+ 7 Yihowaan Waaqni samii inni mana abbaa koo fi biyya firoottan kootii+ na baasee, ‘Ani biyya kana sanyii keetiif+ nan kenna’+ jedhee natti dubbatee fi naaf kakate,+ maleekaa isaa si dura ni erga;+ atis dhugumaan bakka sanaa+ ilma kootiif haadha manaa ni fidda. 8 Shamarreen sun sii wajjin dhufuuf fedhii hin qabdu taanaan garuu, kakaa kana irraa bilisa ni taata. Ilma koo garuu achitti geessuu hin qabdu.” 9 Yeroo kanatti tajaajilaan isaa harka isaa gudeeda Abrahaam gooftaa isaa jala kaaʼee waaʼee dhimma kanaa isaaf kakate.+
10 Kanaafuu, tajaajilaan sun gaalota gooftaa isaa kudhan ni fudhate; wantoota gaggaarii akaakuu hundumaas gooftaa isaa irraa fudhatee kaʼe. Gara Mesophotaamiyaa ishii magaalaa Naahor taatettis ni qajeele. 11 Achiis gaalota isaa boolla bishaanii magaalattiidhaa alatti argamu tokko biratti boqochiise. Yeroon sun gara galgalaa yeroo dubartoonni bishaan waraabuuf itti baʼan ture. 12 Achiis akkana jedhe: “Waaqa gooftaa koo Abrahaam kan taate yaa Yihowaa, maaloo harʼa milkaaʼina naaf kenni; gooftaa koo Abrahaamittis jaalala kee isa amanamaa argisiisi. 13 Kunoo, ani burqaa bishaanii bira dhaabbadheera; ijoolleen durbaa namoota magaalaa kanaas bishaan waraabuuf dhufaa jiru. 14 Shamarreen yeroo ani, ‘Maaloo, hubboo* kee of irraa buusiitii bishaan dhugamu naaf kenni’ ishiidhaan jedhu, ‘Dhugi, gaalota kees bishaan siifan obaasa’ naan jettu, ishii ati tajaajilaa kee Yisihaaqiif filatte haa taatu; kanaanis akka ati gooftaa kootti jaalala amanamaa argisiiste nan beeka.”
15 Utuma inni kana dubbatee hin xumurin, Ribqaan hubboo ishii gateettii ishiitti baattee dhufte; Ribqaan intala Beetuʼel+ yeroo taatu, Beetuʼel immoo ilma Miilkaa+ ishii haadha manaa Naahor+ isa obboleessa Abrahaam taʼee ti. 16 Intalattiin baayʼee bareedduu fi durba turte; matumaas dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwattee hin beektu turte. Ishiinis gara burqaa sanaatti gad buutee hubboo ishiitti bishaan guuttee ol deebite. 17 Tajaajilaan sunis yeruma sana ishii argachuuf ni fiige; achiis, “Maaloo, hubboo kee keessaa takkuma bishaan na habbuuqqachiisi” ishiidhaan jedhe. 18 Ishiinis deebistee, “Yaa gooftaa koo, dhugi” isaan jette. Achiis daftee hubboo ishii harka ishiitti gad buustee bishaan isaaf kennite. 19 Bishaan inni dhugu erga isaaf kennitee boodas, “Gaalota keetiifis hamma isaan dhuganii quufanitti bishaan nan waraaba” isaan jette. 20 Kanaafuu, ishiin gara boolla bishaaniitti deddeebitee bishaan waraabdee bidiruu* isaan keessaa dhuganitti naqxe; gaalota isaa hundumaatiifis bishaan waraabde. 21 Yeroo kana hundumaatti namichi Yihowaan deemsa isaa kana kan isaaf milkeesse taʼuu fi dhiisuu isaa yaadaa, calluma jedhee dinqisiifannaadhaan ishii ilaala ture.
22 Gaalonni sun dhuganii yommuu xumuranitti, namichi amartii warqii funyaanii sheeqilii* walakkaa madaalu tokkoo fi bitawoo* warqii sheeqilii* kudhan madaalu lama baasee ishiidhaaf kennee, 23 “Maaloo natti himi, ati intala eenyuu ti? Mana abbaa kee keessa iddoo bullu ni argannaa?” ishiidhaan jedhe. 24 Yeroo kanatti ishiin, “Ani intala Beetuʼel+ ilma Miilkaa isa ishiin Naahoriif+ deesse sanaa ti” isaan jette. 25 Itti dabaluudhaanis, “Nuti galabaa fi gafara* hedduu, akkasumas bakka bultii qabna” isaan jette. 26 Achiis namichi gombifamee Yihowaa duratti sagadee, 27 “Inni jaalala isaa isa amanamaa fi amanamummaa isaa gooftaa kootti argisiisuu waan hin dhiisneef, Waaqa gooftaa koo Abrahaam kan taʼe Yihowaan haa jajamu. Yihowaan gara mana obboloota gooftaa kootiitti na qajeelcheera” jedhe.
28 Shamarreen sunis waaʼee kanaa haadha ishii fi warra kaanitti himuuf fiigdee deemte. 29 Ribqaan obboleessa Laabaan+ jedhamu tokko qabdi turte. Laabaan fiigee gara namicha magaalattiidhaa ala burqaa bishaanii bira jiru sanaa dhaqe. 30 Innis amartii funyaanii fi bitawoo harka obboleettii isaa irra jiru yommuu arguu fi wanta Ribqaan, “Namichi akkana akkana naan jedhe” jechuudhaan isatti himte yommuu dhagaʼu, namicha argachuuf deeme; yeroo kanatti namichi burqaa sana biratti gaalota isaa bira dhaabbatee ture. 31 Innis yeruma sana namichaan, “Yaa nama Yihowaan eebbise nana, kottu. Maaliif ala dhaabbatta? Ani manicha qopheesseera; gaalotaafis iddoo qopheesseera” jedhe. 32 Yeroo kanatti namichi gara manaatti ni seene; innis* gaalota irraa feʼumsa hiikee galabaa fi gafara isaaniif ni kenne; namichaa fi namoota isaa wajjin turaniifis bishaan miilaa ni kenne. 33 Haa taʼu malee, yeroo nyaanni isaaf dhihaatu, “Wantan dubbachuu qabu utuun isinitti hin himin hin nyaadhu” jedhe. Kanaafuu Laabaan, “Dubbadhu!” isaan jedhe.
34 Namichis akkana jedhe: “Ani tajaajilaa Abrahaami.+ 35 Yihowaan gooftaa koo baayʼee eebbiseera; hoolota, loon, meetii fi warqii, tajaajiltoota dhiiraa fi durbaa, akkasumas gaalotaa fi harroota isaaf kennuudhaan baayʼee isa sooromseera.+ 36 Kana malees, Saaraan haati manaa gooftaa kootii dulluma keessa gooftaa kootiif ilma deesseetti;+ gooftaan koos wanta qabu hundumaa isaaf ni kenna.+ 37 Kanaafuu, gooftaan koo akkana jedhee na kaksiise: ‘Shamarran Kanaʼaanotaa warra ani biyya isaanii keessa jiraadhu kana keessaa ilma koo hin fuusisin.+ 38 Kanaa mannaa, gara mana abbaa koo fi gara maatii koo+ dhaqiitii ilma kootiif haadha manaa fidi.’+ 39 Ani garuu, ‘Shamarreen sun anaa wajjin dhufuuf fedhii hin qabdu yoo taʼe hoo?’ jedheen gooftaa koo gaafadhe.+ 40 Innis akkana naan jedhe: ‘Yihowaan inni ani isa duratti deddeebiʼe+ maleekaa isaa sii wajjin ni erga;+ dhugumaan adeemsa kee siif ni milkeessa; atis maatii koo fi mana abbaa koo keessaa+ ilma kootiif haadha manaa ni fidda. 41 Ati gara maatii koo dhaqxee, isaan immoo yoo ishii sii kennuu baatan, wanta naaf kakatte irraa bilisa ni taata. Kun kakaa kee irraa bilisa si godha.’+
42 “Ani harʼa yommuun burqaa sana bira gaʼu akkanan jedhe: ‘Waaqa gooftaa koo Abrahaam kan taate yaa Yihowaa, ati adeemsa koo yoo naaf milkeessiteef, 43 kunoo, ani burqaa kana bira dhaabbadheera. Akkana haa taʼu: Shamarreen+ takka yommuu bishaan waraabuuf baatu ani, “Maaloo, hubboo kee keessaa bishaan xinnoo naa kenni” ishiidhaan nan jedha; 44 ishiinis, “Dhugi, gaalota keetiifis bishaan nan waraaba” naan haa jettu. Shamarreen sun ishii Yihowaan ilma gooftaa kootiif filate haa taatu.’+
45 “Ani kana garaa kootti dubbadhee utuun hin fixin, Ribqaan magaalattiidhaa baatee hubboo ishii gateettii ishiitti baattee gara burqaa sanaatti gad buutee bishaan waraabuu jalqabde. Anis, ‘Maaloo, bishaan dhugamu naa kenni’ ishiidhaan nan jedhe.+ 46 Kanaafuu, ishiin daftee hubboo ishii gateettii ishii irraa gad buustee, ‘Dhugi,+ gaalota kees bishaan nan obaasa’ naan jette. Anis nan dhuge; gaalota sanas bishaan ni obaaste. 47 Sana booda, ‘Ati intala eenyuu ti?’ jedheen ishii gaafadhe. Ishiinis, ‘Ani intala Beetuʼel ilma Miilkaa isa ishiin Naahoriif deesse sanaa ti’ jettee naaf deebiste. Kanaafuu, funyaan ishiitti amartii nan kaaʼe; harka ishiittis bitawoo nan godhe.+ 48 Achiis Yihowaa duratti gombifamee nan sagade; akkasumas Waaqa gooftaa koo Abrahaam kan taʼe Yihowaa isa ilma gooftaa kootiif intala obboleessa isaa akkan fudhadhu daandii sirrii irra na qajeelche sana nan jajadhe.+ 49 Ammas gooftaa kootti jaalala amanamaa fi amanamummaa argisiisuu kan barbaaddan yoo taʼe natti himaa; taʼuu baannaan garuu, garan itti goru akkan murteessuuf* yaada keessan na beeksisaa.”+
50 Achiis Laabaanii fi Beetuʼel akkana jedhanii isaaf deebisan: “Kun, wanta Yihowaa biraa dhufe dha. Nuti ni taʼa yookiin hin taʼu siin jechuu* hin dandeenyu. 51 Kunoo, Ribqaan si dura jirti. Fudhadhuu deemi; akkuma Yihowaan dubbatettis, ilma gooftaa keetiif haadha manaa haa taatu.” 52 Tajaajilaan Abrahaam wanta isaan jedhan yommuu dhagaʼu, yeruma sana Yihowaa duratti lafatti gombifamee sagade. 53 Tajaajilaan sunis Ribqaadhaaf kennuuf faayawwan meetii fi warqii, akkasumas uffata gad baasuu jalqabe; obboleessa ishii fi haadha ishiitiifis wantoota gatii guddaa qaban ni kenne. 54 Sana booda innii fi namoonni isaa wajjin jiran nyaatanii dhuganii halkan sana achuma bulan.
Innis ganamaan kaʼee, “Gara gooftaa kootti na geggeessaa” jedhe. 55 Yeroo kanatti obboleessi ishii fi haati ishii, “Intalattiin yoo xinnaate guyyaa kudhaniif nu bira haa turtu. Sana booda deemuu dandeessi” jedhan. 56 Inni garuu, “Yihowaan adeemsa koo akka naaf milkeesse utuu argitanii na hin tursinaa. Gara gooftaa koo akkan dhaquuf na geggeessaa” isaaniin jedhe. 57 Kanaafuu isaan, “Mee intalattii waamnee ishii haa gaafannu” jedhan. 58 Achiis Ribqaa waamanii, “Namicha kanaa wajjin ni deemtaa?” jedhanii ishii gaafatan. Ishiinis, “Deemuu nan barbaada” jettee deebiste.
59 Kanaafuu, isaan obboleettii isaanii Ribqaa,+ guddiftuu ishii,*+ tajaajilaa Abrahaamii fi namoota isaa wajjin turan ni geggeessan. 60 Achiis isaan, “Yaa obboleettii teenya, kuma hedduu siʼa kuma kudhan* taʼi; sanyiin kees karra* warra isaan jibbanii haa dhaalan”+ jedhanii Ribqaa eebbisan. 61 Achiis Ribqaa fi tajaajiltoonni ishii warri durbaa kaʼanii, gaalota irra taaʼanii namicha duukaa buʼan. Kanaafuu, tajaajilaan sun Ribqaa fudhatee karaa isaa qajeele.
62 Yisihaaq biyya Negeeb+ keessa jiraachaa waan tureef, kallattii Beʼeer Lahaay Roʼii+ irraa ni dhufe. 63 Yeroo kanatti Yisihaaq xiinxaluuf+ gara galgalaa dirree keessa deemaa ture. Yommuu ol ilaalus, kunoo gaalonni utuu dhufaa jiranii arge! 64 Ribqaan yommuu ol jettee ilaaltu Yisihaaqiin argite; achiis hatattamaan gaalicha irraa buute. 65 Achiis, “Namichi nu simachuuf dirree keessa deemaa jiru sun eenyu?” jettee tajaajilaa sana gaafatte. Tajaajilaan sunis, “Gooftaa koo ti” jedhee ishiidhaaf deebise. Kanaafuu, ishiin shaashii ishii fudhattee haguuggatte. 66 Tajaajilaan sunis wanta godhe hundumaa Yisihaaqitti hime. 67 Sana booda Yisihaaq dunkaana haadha isaa Saaraatti ishii galfate.+ Akka kanaan Ribqaa haadha manaa isaa godhate; jaalala ishiitiinis ni qabame;+ Yisihaaq gadda duʼa haadha isaa irraas ni jajjabaate.+
25 Abrahaam ammas haadha manaa ni fuudhe; maqaan ishiis Keexuraa jedhama ture. 2 Ishiinis yeroo booda Zimraan, Yoqshaan, Meedaan, Miidiyaan,+ Ishbaakii fi Shuʼaa+ isaaf ni deesse.
3 Yoqshaan, Sheebaa fi Deedaaniin ni dhalche.
Ilmaan Deedaan, Ashuriim, Letushiimii fi Leʼumiim turan.
4 Ilmaan Miidiyaan, Eefaa, Eefeer, Hanook, Abiidaa fi Eldaaʼaa turan.
Kanneen kun hundi ilmaan Keexuraa turan.
5 Yeroo booda Abrahaam wanta qabu hundumaa Yisihaaqiif ni kenne;+ 6 ilmaan isaa warra saajjatoota isaa irraa dhalataniif garuu kennaawwan ni kenne. Achiis utuma lubbuudhaan jiruu Yisihaaq ilma isaa irraa fageessee+ kallattii bahaatiin gara biyya Bahaatti isaan erge. 7 Barri jireenyaa Abrahaam waggaa 175 ture. 8 Achiis Abrahaam hafuura isaa isa dhumaa ni baafate; inni bara dheeraa jiraatee, dulloomee, umurii quufee duʼe; gara saba isaattis walitti ni qabame.* 9 Ilmaan isaa Yisihaaqii fi Ishmaaʼelis holqa Maakfelaa keessatti isa awwaalan; holqi kun maasii Efroon ilma Zohaar Heetichaa keessatti kan argamu yeroo taʼu, Maamreetti dhihoo jira ture;+ 10 maasiin kun isa Abrahaam ilmaan Heet irraa bite dha. Abrahaamis bakka haati manaa isaa Saaraan itti awwaalamte kanatti ni awwaalame.+ 11 Abrahaam erga duʼee booda, Waaqayyo ilma isaa Yisihaaqiin eebbisuu isaa itti fufe;+ Yisihaaqis naannoo Beʼeer Lahaay Roʼii+ jiraachaa ture.
12 Seenaan Ishmaaʼel+ ilma Abrahaam isa Aggaar+ ishiin biyya Gibxii tajaajiltuu Saaraa taate Abrahaamiif deesse sanaa kana dha.
13 Maqaan ilmaan Ishmaaʼel, akka maqaa isaaniittii fi akka hidda dhalootaa maatii isaaniitti kana ture: Ilmi angafaa Ishmaaʼel Nebaayot,+ achiis Qeedaar,+ Adbaʼeel, Mibsaam,+ 14 Mishmaa, Duumaa, Maasaa, 15 Hadaad, Teemaa, Yetuur, Naafishii fi Qedemaa. 16 Kanneen kun ilmaan Ishmaaʼel yeroo taʼan, maqaan isaanii akka gandeen isaaniittii fi akka buufatawwan* isaaniitti kana ture; akka qomoo qomoo isaaniittis geggeessitoota 12 turan.+ 17 Ishmaaʼelis waggaa 137 jiraate. Achiis hafuura isaa isa dhumaa baafatee ni duʼe; gara saba isaattis walitti ni qabame.* 18 Isaanis Hawiilaa+ ishii Shuur+ biratti argamtuu fi Gibxitti dhihoo jirtu irraa jalqabee hamma Asooritti fagaatanii jiraatan. Innis obboloota isaa hundumaatti dhihoo ni buufate.*+
19 Seenaan Yisihaaq ilma Abrahaam+ kana dha.
Abrahaam Yisihaaqiin dhalche. 20 Yisihaaq yommuu Ribqaa fuudhetti umuriin isaa waggaa 40 ture; ishiin intala Beetuʼel+ Aaraamichaa isa nama biyya Phaadaan Aaraam taʼe sanaa fi obboleettii Laabaan Aaraamichaa turte. 21 Ishiin dhabduu* waan turteef, Yisihaaq waaʼee haadha manaa isaa cimsee Yihowaa kadhachuu isaa itti fufe; Yihowaanis kadhannaa isaatiif deebii kenne; haati manaa isaa Ribqaanis ni ulfoofte. 22 Ilmaan ishii keessa jiran waan wal dhidhiitaniif+ ishiin, “Erga akkana taʼee, utuun duʼee naa wayya” jette. Kanaafuu, ishiin waaʼee dhimma kanaa Yihowaa kadhatte. 23 Yihowaanis, “Sabni lama gadameessa kee keessa jira;+ uummanni si keessaa baʼan lamaanis adda adda ni baʼu;+ sabni inni tokko saba isa kan biraa irra kan cimu taʼa;+ inni angafaas isa quxisuu ni tajaajila”+ ishiidhaan jedhe.
24 Yeroon itti deessu yommuu gaʼetti, kunoo, gadameessa ishii keessa lakkuutu jira ture. 25 Achiis inni jalqaba dhalate akka uffata rifeensa irraa tolfameetti guutummaan qaama isaa diimaa ture;+ kanaafuu, isaan maqaa isaa Esaawu*+ jedhanii moggaasan. 26 Sana booda, obboleessi isaa harka isaatiin koomee Esaawu qabatee dhalate;+ kanaafuu, inni maqaa isaa Yaaqoob*+ jedhee moggaase. Ishiin yommuu isaan deessetti Yisihaaq umuriin isaa waggaa 60 ture.
27 Ijoolleen sun yeroo guddachaa deeman, Esaawu adamsituu dandeettii qabuu+ fi ala oolu taʼe; Yaaqoob garuu nama balleessaa hin raawwannee fi dunkaana keessa taaʼu ture.+ 28 Yisihaaq adamsee waan isa nyaachisuuf Esaawuun ni jaallata ture; Ribqaan garuu Yaaqoobiin jaallatti turte.+ 29 Gaaf tokko yommuu Esaawu dirree irraa dadhabee deebiʼutti, Yaaqoob ittoo tolchaa ture. 30 Kanaafuu, Esaawu Yaaqoobiin, “Maaloo, waanan dadhabeef,* dafiitii ittoo diimaa kee sana* irraa xinnoo* naaf kenni!” jedhe. Maqaan isaa Edoom*+ kan jedhame kanaafi. 31 Yeroo kanatti Yaaqoob, “Dura garuu mirga angafummaa+ kee natti gurguri!” isaan jedhe. 32 Esaawus itti fufuudhaan, “Kunoo, ani duʼuufan jedha! Mirgi angafummaa maal na fayyada ree?” jedhe. 33 Yaaqoob immoo, “Jalqaba naaf kakadhu!” isaan jedhe. Kanaafuu, inni isaaf ni kakate; mirga angafummaa isaas Yaaqoobitti ni gurgure.+ 34 Achiis Yaaqoob daabboo fi ittoo misiraa Esaawuuf ni kenne; innis ni nyaate, ni dhuge; achiis kaʼee deeme. Akka kanaan Esaawu mirga angafummaa isaa ni tuffate.
26 Yeroo kanattis akkuma beela jalqaba bara Abrahaamitti buʼee ture+ sanaa beelli kan biraan biyyattii keessatti waan buʼeef, Yisihaaq gara Abimelek mootii Filisxeemotaa isa Geraar keessatti argamuu ni dhaqe. 2 Achiis Yihowaan isatti mulʼatee akkana isaan jedhe: “Gara Gibxiitti gad hin buʼin. Biyya ani sitti argisiisu keessa jiraadhu. 3 Akka nama biyya ormaa taʼiitii biyya kana keessa jiraadhu;+ biyyoota kana hundumaa sii fi sanyii keetiif waanan kennuuf,+ ani sii wajjin nan taʼa, sin eebbisas; kakaa ani akkana jedhee abbaa kee Abrahaamiif kakadhes nan raawwadha:+ 4 ‘Ani sanyii kee akka urjiilee samiitti nan baayʼisa;+ biyyoota kana hundumaa sanyii keetiif nan kenna;+ saboonni lafa irraa hundis karaa sanyii keetii ofii isaaniitiif eebba ni argatu.’+ 5 Kanas kanan godhu, Abrahaam sagalee koo waan dhagaʼeef, akkasumas ulaagaawwan koo, ajajawwan koo, dambiiwwan koo fi seerawwan koo eegee waan jiraateefi.”+ 6 Kanaafuu, Yisihaaq Geraar keessa jiraachuu isaa itti fufe.+
7 Namoonni biyya sanaa waaʼee haadha manaa isaa yeroo isa gaafatan hundumaatti, “Ishiin obboleettii tiyya” jedha ture.+ Ishiin bareedduu waan turteef+ inni, “Namoonni biyya kanaa sababii Ribqaatiin na ajjeesuu dandaʼu” jedhee yaade; kanaafuu, “Ishiin haadha manaa tiyya” jechuu ni sodaate. 8 Yeroo muraasa booda, Abimelek mootiin Filisxeemotaa karaa foddaatiin yommuu ilaalu, Yisihaaq haadha manaa isaa Ribqaadhaaf jaalala isaa yommuu ibsu*+ arge. 9 Abimelekis yeruma sana Yisihaaqiin waamee, “Ishiin dhugumaan haadha manaa tee ti! Maarree ati, ‘Ishiin obboleettii tiyya’ maaliif jette?” isaan jedhe. Yisihaaqis, “Akkana kanan jedhe, sababii ishiitiin akkan hin duune waanan sodaadheefi” jedhee isaaf deebise.+ 10 Abimelek garuu itti fufuudhaan, “Wanti ati nu irratti raawwatte kun maali dha?+ Namoota koo keessaa tokko haadha manaa tee wajjin ciisuu dandaʼa ture; kanaanis ati yakka nutti fiduu dandeessa turte!” isaan jedhe.+ 11 Achiis Abimelek, “Namni namicha kanas taʼe haadha manaa isaa tuqu kam iyyuu dhugumaan ni ajjeefama!” jedhee namoota isaa hundumaatiif ajaja dabarse.
12 Yisihaaq biyya sana keessatti sanyii facaasuu jalqabe; Yihowaan isa eebbisaa waan tureefis, waggaa sanatti wanta facaase irraa dachaa 100 galfate.+ 13 Inni sooressa ni taʼe; hamma baayʼee sooromuttis badhaadhina argachuu isaa itti fufe. 14 Hoolota, loonii fi tajaajiltoota hedduus ni argate;+ kanaafuu, Filisxeemonni isatti hinaafuu jalqaban.
15 Kanaan kan kaʼes, Filisxeemonni boolla bishaanii tajaajiltoonni abbaa isaa bara Abrahaamitti qotan hundumaa biyyoodhaan ni duuchan.+ 16 Achiis Abimelek Yisihaaqiin, “Ati amma nu caalaa baayʼee cimaa waan taateef, naannoo keenyaa deemi” jedhe. 17 Kanaafuu, Yisihaaq bakka sanaa deemee sulula* Geraar+ keessa buufatee achi jiraachuu jalqabe. 18 Yisihaaq ammas boollawwan bishaanii bara abbaa isaa Abrahaamitti qotamanii turanii fi erga Abrahaam duʼee booda Filisxeemonni duuchan sana deebisee qote;+ maqaa abbaan isaa isaaniif moggaasee tureenis isaan ni waame.+
19 Tajaajiltoonni Yisihaaq sulula* sana keessa yommuu qotanitti, boolla bishaanii bishaan qulqulluu qabu tokko argatan. 20 Tiksitoonni Geraar garuu, “Bishaan kun kan keenya!” jedhanii tiksitoota Yisihaaqii wajjin wal loluu jalqaban. Isaan waan isaa wajjin wal lolaniifis inni boolla bishaanii sana Eeseeq* jedhee moggaase. 21 Isaan ammas boolla bishaanii kan biraa qotuu jalqaban; haa taʼu malee, isa irrattis wal loluu jalqaban. Kanaafuu, inni boolla bishaanii sana Siixnaa* jedhee moggaase. 22 Boodas bakka sanaa deemee boolla bishaanii kan biraa qote; yeroo kanatti garuu isaan boollicha irratti wal hin lolle. Kanaafuu inni, “Amma Yihowaan iddoo balʼaa nuu kenneera; biyyattii keessattis akka horru godheera”+ jechuudhaan boolla bishaanii sana Rehoboot* jedhee moggaase.
23 Achiis bakka sanaa kaʼee gara Ber Sheebaatti+ ol baʼe. 24 Halkan sana Yihowaan isatti mulʼatee, “Ani Waaqa abbaa kee Abrahaami.+ Ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin;+ Abrahaam tajaajilaa kootiif jedhee sin eebbisa, sanyii kees nan baayʼisa” isaan jedhe.+ 25 Kanaafuu, inni bakka sanatti iddoo aarsaa ijaaree maqaa Yihowaa waammate.+ Yisihaaq bakka sanatti dunkaana isaa ni dhaabe;+ tajaajiltoonni isaas achitti boolla bishaanii tokko ni qotan.
26 Boodas Abimelek Ahuzaat isa gorsituu dhuunfaa isaa taʼee fi Fikool isa ajajaa raayyaa waraanaa isaa taʼee wajjin Geraarii gara Yisihaaq dhufe.+ 27 Yisihaaqis, “Isin na jibbitanii naannoo keessanii erga na ariitanii booda maaliif gara koo dhuftan?” isaaniin jedhe. 28 Yeroo kanatti isaan akkana isaan jedhan: “Yihowaan sii wajjin akka jiru ifatti argineerra.+ Kanaafuu, nuti akkana jennee yaanne: ‘Maaloo, kakaan dirqamaa nuu fi si gidduu haa jiraatu; sii wajjinis kakuu haa gallu;+ 29 kunis akkuma nuti utuu si hin miidhin wanta gaarii qofa siif goonee nagaadhaan si geggeessinetti, atis wanta hamaa akka nu irratti hin raawwanneefi. Kunoo, amma Yihowaan si eebbiseera.’” 30 Sana booda inni affeerraa isaaniif qopheesse; isaanis ni nyaatan, ni dhuganis. 31 Ganama bariidhaan kaʼaniis waliif ni kakatan.+ Sana booda Yisihaaq isaan geggeesse; isaanis nagaadhaan isa biraa deeman.
32 Guyyaa sanatti tajaajiltoonni Yisihaaq dhufanii, “Nuti bishaan arganneerra!” jedhanii waaʼee boolla bishaanii qotan+ tokkoo isatti himan. 33 Kanaafuu, inni boolla bishaanii sana Shiibaa jedhee moggaase. Maqaan magaalaa sanaas hamma harʼaatti Ber Sheebaa+ kan jedhame kanaafi.
34 Esaawu yeroo umuriin isaa waggaa 40 taʼutti, Yoodit intala Beʼerii Heetichaa fi Baasemaat intala Eloon Heetichaa ni fuudhe.+ 35 Isaanis Yisihaaqii fi Ribqaa irratti gadda guddaa fidan.*+
27 Yisihaaq dulloomee ijji isaa arguu yommuu dadhabutti, ilma isaa isa angafaa Esaawuun+ ofitti waamee, “Yaa ilma koo!” isaan jedhe. Innis, “Kunoo, asan jira!” jedhee deebise. 2 Yisihaaqis akkana isaan jedhe: “Kunoo, amma ani dulloomeera. Guyyaa duʼa kootiis hin beeku. 3 Kanaafuu, maaloo amma meeshaawwan kee, korojoo xiyyaa kee fi iddaa kee fudhadhuutii gara dirree dhaqii bineensa adamsii naa fidi.+ 4 Achiis nyaata miʼaawaa ani jaalladhu qopheessii naa dhiheessi. Anis duʼuu koo dura nyaadheen si eebbisa.”*
5 Yeroo Yisihaaq Esaawu ilma isaatti dubbatutti garuu Ribqaan dhaggeeffachaa turte. Esaawus bineensa adamsee fiduuf gara dirreetti baʼe.+ 6 Achiis Ribqaan ilma ishii Yaaqoobiin akkana jette:+ “Ani amma yommuu abbaan kee akkana jedhee obboleessa kee Esaawutti dubbatu dhagaʼeera: 7 ‘Bineensa adamsii fidiitii nyaata miʼaawaa naaf qopheessi. Anis duʼuu koo dura nyaadheen Yihowaa duratti si eebbisa.’+ 8 Egaa yaa ilma koo, wantan si ajaju sirriitti dhaggeeffadhuutii raawwadhu.+ 9 Maaloo, nyaata miʼaawaa inni jaallatu abbaa keetiif akkan qopheessuuf, gara karrichaa dhaqiitii bakka sanaa reʼoota xobbaallaa* babbaʼeessa lama naa fidi. 10 Achiis abbaan kee duʼuu isaa dura nyaatee akka si eebbisuuf, fuutee isaaf ni dhiheessita.”
11 Yaaqoobis haadha isaa Ribqaadhaan akkana jedhe: “Obboleessi koo Esaawu nama qaamni isaa rifeensa hedduu qabu dha;+ qaamni koo garuu rifeensa hin qabu. 12 Abbaan koo qaqqabee yoo na ilaale hoo?+ Isatti qoosaa waanan jiru fakkaachuu dandaʼa; anis eebba utuu hin taʼin abaarsan ofitti fida.” 13 Yeroo kanatti haati isaa, “Yaa ilma koo, abaarsi siif yaadamu ana irra haa gaʼu. Ati akkuman siin jedhe godhi; dhaqiitii reʼoota sana naa fidi” isaan jette.+ 14 Kanaafuu, inni dhaqee fuudhee gara haadha isaatti isaan fide; ishiinis akkuma abbaan isaa jaallatutti nyaata miʼaawaa ni qopheessite. 15 Sana booda Ribqaan uffata baʼeessa Esaawu isa ilma ishii isa angafa taʼe sanaa manaa fuutee Yaaqoob isa ilma ishii isa quxisuu taʼetti uwwiste.+ 16 Kana malees, kalʼee reʼoota xobbaallaa sanaa harka isaa fi kutaa morma isaa isa rifeensa hin qabne irra ni keesse.+ 17 Achiis nyaata miʼaawaa sanaa fi daabboo tolchite sana ilma ishii Yaaqoobitti kennite.+
18 Innis gara abbaa isaa dhaqee, “Yaa abbaa koo!” isaan jedhe; Yisihaaqis deebisee, “Kunoo asan jira! Yaa ilma koo, ati eenyu?” isaan jedhe. 19 Yaaqoobis abbaa isaatiin, “Ani Esaawu ilma kee isa angafaa+ ti. Kunoo, akkuma ati natti himte godheera. Maaloo, ol jedhii isan adamsee fide irraa nyaadhuutii na eebbisi”*+ jedhe. 20 Yeroo kanatti Yisihaaq ilma isaatiin, “Yaa ilma koo, akkamitti daftee argatte?” jedhe. Innis, “Waaqa kee Yihowaatu gara kootti fide” jedhee isaaf deebise. 21 Achiis Yisihaaq ilma isaa Yaaqoobiin, “Yaa ilma koo, ati dhuguma ilma koo Esaawu taʼuu fi dhiisuu kee beekuuf qaqqabee akkan si ilaalutti, maaloo natti siqi” jedhe.+ 22 Kanaafuu, Yaaqoob gara abbaa isaa Yisihaaqitti ni siqe; innis qaqqabee erga isa ilaalee booda, “Sagaleen kun sagalee Yaaqoobi, harki isaa garuu harka Esaawuu ti” jedhe.+ 23 Harki isaa akka harka obboleessa isaa Esaawu rifeensa hedduu kan qabu waan tureef, Yisihaaq eenyummaa isaa hin hubanne. Kanaafuu, isa eebbise.+
24 Achiis, “Dhuguma ati ilma koo Esaawu dhaa?” jedhee isa gaafate; innis, “Eeyyee ana” jedhee isaaf deebise. 25 Achiis, “Yaa ilma koo, akkan nyaadhuuf isa adamsitee fidde sana irraa naa fidi; sana booda sin eebbisa”* isaan jedhe. Yaaqoobis isaaf dhiheesse, innis ni nyaate; daadhii wayiniis isaaf fide, innis ni dhuge. 26 Achiis abbaan isaa Yisihaaq, “Yaa ilma koo, maaloo, natti siqii na dhungadhu” isaan jedhe.+ 27 Innis itti siqee isa dhungate; abbaan isaas urgaa uffata isaa ni urgeeffate.+ Achiis akkana jedhee isa eebbise:
“Kunoo, urgaan ilma kootii, akka urgaa maasii Yihowaan eebbisee ti. 28 Waaqni dhugaan, fixeensa samii,+ lafa biyyoo gabbataa qabu,+ midhaan hedduu fi daadhii wayinii haaraa hedduu siif haa kennu.+ 29 Namoonni si haa tajaajilan; saboonnis siif haa sagadan. Obboloota kee irratti gooftaa taʼi; ilmaan haadha tees siif haa sagadan.+ Kan si abaaru hundi abaaramaa haa taʼu; kan si eebbisu hundis eebbifamaa haa taʼu.”+
30 Yisihaaq Yaaqoobiin eebbisee akkuma xumureen, Yaaqoobis abbaa isaa Yisihaaq biraa akkuma deemeen, obboleessi isaa Esaawu adamoo irraa ni deebiʼe.+ 31 Innis nyaata miʼaawaa qopheessee abbaa isaatiif ni dhiheesse; achiis abbaa isaatiin, “Yaa abbaa koo, kaʼiitii isan adamsee sii fide irraa nyaadhuu na eebbisi”* jedhe. 32 Yeroo kanatti abbaan isaa Yisihaaq, “Ati eenyu?” isaan jedhe. Innis, “Ana Esaawu ilma kee isa angafaa+ ti” jedhee isaaf deebise. 33 Yisihaaqis akka malee hollachuu jalqabe; achiis, “Maarree, inni adamsee naa fide sun eenyu? Ati dhufuu kee dura nyaadhee isa eebbiseera; innis dhugumaan kan eebbifame ni taʼa!” isaan jedhe.
34 Esaawu wanta abbaan isaa jedhe yommuu dhagaʼu, akka malee sagalee isaa ol kaasee hirqinfatee booʼaa abbaa isaatiin, “Yaa abbaa koo, na eebbisi, anaanis eebbisi!” jedhe.+ 35 Inni garuu, “Obboleessi kee dhufee na gowwoomsee eebba siif yaadame fudhateera” isaan jedhe. 36 Yeroo kanatti Esaawu, “Inni yeroo lamaan kana mirga koo fudhateera; waa malee maqaan isaa Yaaqoob* jedhamee?+ Inni kanaan dura mirga angafummaa koo fudhateera;+ kunoo, amma immoo eebba koo na jalaa fudhate!”+ jedhe. Itti dabaluudhaanis, “Eebba naaf hambiste hin qabduu?” isaan jedhe. 37 Abbaan isaa Yisihaaq garuu, “Kunoo, ani si irratti gooftaa akka taʼuuf isa muudeera;+ tajaajiltoota akka isaaf taʼaniif obboloota isaa hundumaa isaaf kenneera; isa deggeruufis midhaanii fi wayinii haaraa isaaf kenneera.+ Yaa ilma koo, wantan siif kennuu dandaʼu akkamiitu hafe ree?” jedhee Esaawuuf deebise.
38 Esaawus abbaa isaatiin, “Yaa abbaa koo, eebbuma tokko qofa qabdaa? Yaa abbaa koo, na eebbisi, anaanis eebbisi!” jedhe. Achiis sagalee isaa ol kaasee hirqinfatee booʼe.+ 39 Kanaafuu, abbaan isaa Yisihaaq akkana jedhee isaaf deebise:
“Kunoo, iddoon jireenyaa kee, lafa biyyoo gabbataa qabu irraa, fixeensa samii gubbaa jiru irraas kan fagaate ni taʼa.+ 40 Ati goraadee keetiin jiraatta;+ obboleessa kees ni tajaajilta.+ Yeroo nuffitu garuu, dhugumaan morma kee irraa waanjoo* isaa cabsitee gatta.”+
41 Esaawu garuu abbaan isaa Yaaqoobiin waan eebbiseef, ija diinummaatiin Yaaqoobiin ilaaluu jalqabe;+ garaa isaattis, “Duuti abbaa kootii dhihaateera.*+ Sana booda obboleessa koo Yaaqoobiin nan ajjeesa” jedhee yaada ture. 42 Ribqaan wanti ilmi ishii inni angafaa Esaawu dubbate yommuu itti himamu, yeruma sana ilma ishii isa quxisuu Yaaqoobitti ergitee erga waamsistee booda akkana isaan jette: “Kunoo, obboleessi kee Esaawu si ajjeesuudhaan haaloo baʼuuf karoorfateera.* 43 Egaa yaa ilma koo, akkuman siin jedhu godhi. Kaʼiitii gara obboleessa koo Laabaan isa Kaaraan jirutti baqadhu.+ 44 Aariin obboleessa keetii hamma qabbanaaʼutti, yeroo muraasaaf isaa wajjin jiraadhu; 45 hamma dheekkamsi obboleessa keetii qabbanaaʼutti, hamma inni wanta ati isa irratti raawwatte irraanfatuttis achuma turi. Achiis ergeen bakka sanaa si waamsisa. Lamaan keessan iyyuu guyyaa tokkotti maaliifan dhaba?”
46 Sana booda Ribqaan irra deddeebitee Yisihaaqiin, “Dubartoota Heet kanaan kan kaʼe jireenyi na jibbisiiseera.+ Yaaqoob dubartoota Heet warra dubartoota biyya kanaa taʼan keessaa haadha manaa kan fuudhu yoo taʼe jireenyi maal naaf godha ree?” jetti turte.+
28 Kanaafuu, Yisihaaq Yaaqoobiin waamee erga eebbisee booda akkana jedhee isa ajaje: “Shamarran Kanaʼaan keessaa haadha manaa hin fuudhin.+ 2 Gara Phaadaan Aaraam gara mana Beetuʼel isa abbaa haadha teetii taʼe sanaa dhaqiitii, achii ijoollee durbaa Laabaan+ isa obboleessa haadha teetii taʼe sanaa keessaa haadha manaa fuudhi. 3 Waaqni Inni Hundumaa Dandaʼu si eebbisa; ijoollee hedduu siif ni kenna; si baayʼisas; atis dhugumaan gumii namoota hedduu ni taata.+ 4 Ati biyya nama ormaa taatee keessa jiraachaa jirtu, isa Waaqayyo Abrahaamiif kenne+ dhaalaan akka fudhattuuf, inni eebba Abrahaamiif+ waadaa gale sana sii fi sanyii keetiif ni kenna.”
5 Akka kanaan Yisihaaq Yaaqoobiin ni geggeesse; innis gara Phaadaan Aaraam, gara Laabaan ilma Beetuʼel Aaraamichaatti+ ni qajeele; Laabaan obboleessa Ribqaa+ ishii haadha Yaaqoobii fi Esaawu taate sanaa ti.
6 Esaawu Yisihaaq Yaaqoobiin eebbisee achii haadha manaa akka fuudhu Phaadaan Aaraamitti akka erge, yeroo isa eebbisettis, “Shamarran Kanaʼaan keessaa haadha manaa hin fuudhin”+ jedhee akka isa ajaje, 7 Yaaqoobis abbaa isaa fi haadha isaatiif ajajamee gara Phaadaan Aaraamitti akka qajeele ni beeke.+ 8 Yeroo kanatti Esaawu dubartoonni Kanaʼaan abbaa isaa Yisihaaqiin akka gaddisiisan ni hubate;+ 9 kanaafuu, gara Ishmaaʼel dhaqee haadhotii manaa qabu irratti dabalee Mahaalaatiin ni fuudhe; Mahaalaat obboleettii Nebaayotii fi intala Ishmaaʼel isa ilma Abrahaam taʼee ti.+
10 Yaaqoobis Ber Sheebaadhaa baʼee gara Kaaraanitti qajeele.+ 11 Boodas bakka tokko ni gaʼe; aduun waan isatti dhiheefis bakka sana buluuf qophaaʼe. Kanaafuu, bakka sanaa dhagaa tokko fudhatee boraafatee achuma ciise.+ 12 Achittis abjuu tokko arge; kunoo, kortoon* lafa irraa kaʼee fiixeen isaa samii bira gaʼu tokko jira ture; maleekonni Waaqayyoos isa irra ol baʼaa fi gad buʼaa turan.+ 13 Kunoo, Yihowaan achi irra dhaabbatee ture; innis akkana jedhe:
“Ani Yihowaa isa Waaqa abbaa kee Abrahaamii fi Waaqa Yisihaaq taʼe dha.+ Iddoo ciistee jirtu kana sii fi sanyii keetiif nan kenna.+ 14 Sanyiin kee dhugumaan akka biyyoo lafaa ni taʼa;+ atis gara dhihaatti, gara bahaatti, gara kaabaattii fi gara kibbaatti ni babalʼatta; maatiiwwan lafa irraa hundis karaa kee fi karaa sanyii kee dhugumaan ni eebbifamu.*+ 15 Ani sii wajjinan jira; bakka dhaqxu hundumaattis sin eega; gara biyya kanaattis sin deebisa.+ Waadaan siif gale hamman raawwadhutti si hin dhiisu.”+
16 Yaaqoobis hirribaa dammaqee, “Dhuguma Yihowaan iddoo kana jira; ani garuu hin beekun ture” jedhe. 17 Achiis baayʼee sodaatee, “Bakki kun akkam nama sodaachisa! Kun mana Waaqayyoo ti malee wanta kan biraa taʼuu hin dandaʼu;+ kun karra samii ti” jedhe.+ 18 Kanaafuu, Yaaqoob ganama bariidhaan kaʼee dhagaa boraafate sana fuudhee akka siidaatti dhaabe; achiis fiixee isaa irratti zayitii dhangalaase.+ 19 Innis iddoo sana Beetel* jedhee moggaase; sana dura garuu maqaan magaalaa sanaa Luuz+ jedhama ture.
20 Achiis Yaaqoob akkana jedhee wareege: “Waaqayyo anaa wajjin yoo taʼe, adeemsa koo irrattis eegumsa yoo naaf godhe, nyaatan nyaadhuu fi uffatan uffadhu yoo naaf kenne, 21 akkasumas nagaadhaan gara mana abbaa kootti yoon deebiʼe, dhugumaan Yihowaan Waaqa koo taʼuu isaa argisiiseera jechuu dha. 22 Dhagaan ani akka siidaatti dhaabe kun mana Waaqayyoo ni taʼa;+ anis dhugumaan wanta naaf kennitu hundumaa irraa harka kudhan keessaa harka tokko siif nan kenna.”
29 Sana booda Yaaqoob adeemsa isaa itti fufee gara biyya namoota Bahaatti qajeele. 2 Achiis dirree keessatti boolla bishaanii tokko ni arge; isaan yeroo baayʼee hoolota isaanii boolla bishaanii sana irraa waan obaasaniif, yeroo kanatti tuutni hoolotaa sadii boolla bishaanii sana bira ciciisanii turan. Dhagaa guddaan tokkos afaan boolla bishaanii sana irra jira ture. 3 Tuutni hoolotaa hundi achitti yeroo walitti qabaman, isaan dhagicha afaan boolla bishaanii sana irraa gangalchanii bushaayee isaanii obaasu turan; achiis dhagicha deebisanii afaan boolla bishaanii sanatti qadaadu turan.
4 Yaaqoobis, “Yaa obboloota koo, biyyi keessan eessa?” jedhee isaan gaafate; isaanis, “Nuti Kaaraan+ irraa dhufne” jedhanii isaaf deebisan. 5 Innis, “Ilma ilma Naahor+ kan taʼe Laabaaniin+ beektuu?” isaaniin jedhe; isaanis, “Eeyyee beekna” isaan jedhan. 6 Innis, “Fayyaa isaa tii?” jedhee isaan gaafate; isaanis, “Fayyaa isaa ti. Kunoo, intalli isaa Raahel+ hoolota fiddee dhufaa jirti!” jedhanii isaaf deebisan. 7 Achiis inni, “Amma guyyaa saafaa dha. Yeroon isaa yeroo itti hoolota walitti qaban miti. Hoolota bishaan obaasaatii dhaqaa dheechisaa” isaaniin jedhe. 8 Isaanis deebisanii, “Tuutni hoolotaa hundi hamma walitti qabamanitti, akkasumas tiksitoonni dhagicha afaan boolla bishaanichaa irraa hamma gangalchanitti kana akka goonu nuuf hin heyyamamu. Sana booda hoolota bishaan ni obaasna” isaan jedhan.
9 Utuma inni isaanii wajjin dubbachaa jiruu Raahel hoolota abbaa ishii oofaa dhufte; ishiin tiksituu turte. 10 Yaaqoob Raahel ishii intala eessuma isaa Laabaan taate sanaa fi hoolota Laabaan yommuu argu, yeruma sana dhaqee dhagicha afaan boolla bishaanii sana irraa gangalchee hoolota eessuma isaa bishaan obaase. 11 Achiis Yaaqoob Raaheliin dhungatee, sagalee isaa guddisee hirqinfatee booʼe. 12 Sana booda Yaaqoob fira* abbaa ishii fi ilma Ribqaa taʼuu isaa Raahelitti hime. Ishiinis fiigdee dhaqxee abbaa ishiitti himte.
13 Laabaanis+ waaʼee Yaaqoob ilma obboleettii isaa akkuma dhagaʼeen isa argachuuf fiigee dhaqe. Innis hammatee erga isa dhungatee booda gara manaatti isa fudhatee gale. Yaaqoobis wanta isa mudate hundumaa Laabaanitti himuu jalqabe. 14 Laabaanis, “Ati dhugumaan lafee koo fi foon koo ti”* isaan jedhe. Kanaafuu, jiʼa tokko guutuu isa bira taaʼe.
15 Achiis Laabaan Yaaqoobiin, “Ati firuma*+ koo waan taateef qofa tola na tajaajiluu qabdaa? Natti himi, mindaan kee maal taʼuu qaba?”+ jedhe. 16 Laabaan ijoollee durbaa lama qaba ture. Maqaan ishii angafaa Liyaa, maqaan ishii quxisuu immoo Raahel jedhama ture.+ 17 Raahel baayʼee kan nama hawwattuu fi bareedduu turte; Liyaan garuu ijji ishii nama hin hawwatu ture. 18 Yaaqoob jaalala Raaheliin qabamee ture; kanaan kan kaʼes, “Ani intala tee ishii quxisuu Raaheliif jedhee waggaa torba si tajaajiluuf fedhii qaba” isaan jedhe.+ 19 Laabaanis deebisee, “Ani nama kan biraatiif ishii kennuu mannaa utuun siif kennee naa wayya. Anaa wajjin jiraadhu” isaan jedhe. 20 Yaaqoobis Raaheliif jedhee waggaa torba ni tajaajile;+ haa taʼu malee, jaalala ishiidhaaf qabuun kan kaʼe waggoonni sun ija isaa duratti guyyoota muraasa qofa turan.
21 Achiis Yaaqoob Laabaaniin, “Guyyoonni ani itti si tajaajilu waan xumuramaniif, haadha manaa tiyya naa kenni; anis ishii wajjin saalqunnamtii nan raawwadha” jedhe. 22 Achiis Laabaan namoota naannoo sanaa hundumaa walitti qabee affeerraa qopheesse. 23 Yommuu dhihu garuu, inni ishii wajjin saalqunnamtii akka raawwatuuf intala isaa Liyaa fuudhee gara isaatti ishii geesse. 24 Kana malees, Laabaan tajaajiltuu isaa kan taate Zilfaa fuudhee akka ishii tajaajiltuuf intala isaa Liyaadhaaf ni kenne.+ 25 Yommuu bariʼus Yaaqoob ishiin isaa wajjin ciiste Liyaa taʼuu ishii arge! Kanaafuu Laabaaniin, “Wanti ati na irratti raawwatte kun maali dha? Kanan si tajaajile Raaheliif jedhee mitii? Maaliif na gowwoomsite ree?”+ jedhe. 26 Laabaanis deebisee akkana jedhe: “Utuu ishiin angafaa jirtuu, ishii quxisuu kennuun aadaa keenya miti. 27 Torban kanaaf ishii wajjin gammadi. Sana booda obboleettiin ishii ishiin quxisuunis siif ni kennamti; ati garuu waggaa dabalataa torbaaf na tajaajiluu qabda.”+ 28 Yaaqoobis akkanuma godhe; torban tokkoof ishii wajjin ni gammade; sana booda Laabaan intala isaa Raaheliin haadha manaa godhee isaaf kenne. 29 Akkasumas, Laabaan tajaajiltuu isaa kan taate Biilhaa+ fuudhee akka ishii tajaajiltuuf intala isaa Raaheliif ni kenne.+
30 Yaaqoob Raahelii wajjinis saalqunnamtii raawwate; Liyaa caalaas Raaheliin jaallate; waggaa dabalataa torbaafis Laabaaniin ni tajaajile.+ 31 Yihowaan Liyaan akka hin jaallatamne* yommuu argu akka ishiin ulfooftu godhe;*+ Raahel garuu dhabduu* turte.+ 32 Liyaan ulfooftee ilma ni deesse; ishiin, “Yihowaan dhiphina koo argeera;+ amma abbaan manaa koo na jaallata” jettee maqaa isaa Ruuben*+ jettee moggaaste. 33 Ishiin ammas ulfooftee ilma deesse; achiis, “Yihowaan akkan hin jaallatamne waan argeef, na dhagaʼee isa kanas naaf kenneera” jette. Achiis maqaa isaa Simiʼoon*+ jettee moggaaste. 34 Ishiin ammas ulfooftee ilma deesse; achiis, “Ani ilmaan sadii waanan isaaf daʼeef, amma abbaan manaa koo caalaatti natti dhihaata” jette. Kanaafuu, maqaan isaa Leewwii*+ jedhamee moggaafame. 35 Ishiin ammas ulfooftee ilma deesse; achiis, “Amma ani Yihowaa nan jajadha” jette. Kanaafuu, maqaa isaa Yihudaa*+ jettee moggaaste. Sana booda ishiin daʼumsa ni dhaabde.
30 Raahel Yaaqoobiif ijoollee akka hin deenye yommuu argitu obboleettii ishiitti hinaaftee Yaaqoobiin, “Ijoollee naa kenni; taʼuu baannaan nan duʼa” jette. 2 Yeroo kanatti Yaaqoob Raahelitti aaree bobaʼee, “Ani Waaqa isa akka ijoollee hin deenye si dhowwe* sana dhaa?” ishiidhaan jedhe. 3 Ishiinis, “Garbittiin tiyya Biilhaan tunoo ti.+ Ishiin ijoollee akka naaf deessuu* fi karaa ishii anis ijoollee akkan qabaadhuuf ishii wajjin saalqunnamtii raawwadhu” isaan jette. 4 Akka kanaan ishiin tajaajiltuu ishii Biilhaa fuutee haadha manaa akka isaaf taatuuf Yaaqoobiif kennite; innis ishii wajjin saalqunnamtii raawwate.+ 5 Biilhaanis ni ulfoofte; boodas Yaaqoobiif ilma ni deesse. 6 Achiis Raahel, “Waaqayyo abbaa murtii naaf taʼe; sagalee koos dhagaʼee ilma naaf kenne” jette. Maqaa isaas Daan*+ jettee kan moggaaste kanaafi. 7 Biilhaan tajaajiltuun Raahel ammas ni ulfoofte; boodas Yaaqoobiif ilma lammaffaa ni deesse. 8 Achiis Raahel, “Ani obboleettii tiyyaa wajjin waldhaansoo cimaa nan godhe. Nan moʼes!” jette. Kanaafuu, maqaa isaa Niftaalem*+ jettee moggaaste.
9 Liyaan ijoollee godhachuu akka dhaabde yommuu hubattu, tajaajiltuu ishii Zilfaa fuutee haadha manaa akka isaaf taatuuf Yaaqoobiif kennite.+ 10 Tajaajiltuun Liyaa Zilfaanis Yaaqoobiif ilma ni deesse. 11 Yeroo kanatti Liyaan, “Maal carraa gaariin akkanaa!” jette. Kanaafuu, maqaa isaa Gaad*+ jettee moggaaste. 12 Sana booda Zilfaan tajaajiltuun Liyaa Yaaqoobiif ilma lammaffaa ni deesse. 13 Achiis Liyaan, “Gammachuu guddaa akkamii ti! Dubartoonnis ani dhugumaan gammadduu akkan taʼe ni dubbatu”+ jette. Kanaafuu, maqaa isaa Asheer*+ jettee moggaaste.
14 Ruuben+ yeroo qamadiin haamamutti utuu deemaa jiruu dirree keessaa firiiwwan ulfaaʼuuf nama gargaaru jedhanii yaadan argate.* Achiis firiiwwan kana haadha isaa Liyaadhaaf ni fide. Raahelis Liyaadhaan, “Maaloo, firiiwwan ilmi kee sii fide keessaa muraasa naaf kenni” jette. 15 Liyaan immoo deebistee, “Abbaa manaa koo fudhachuun kee sitti hanqannaan,+ amma immoo firiiwwan ilmi koo fide kana fudhachuu barbaaddee?” ishiidhaan jette. Kanaafuu Raahel, “Tole, bakka firiiwwan ilmi kee fide sanaa, harʼa galgala sii wajjin haa ciisu” ishiidhaan jette.
16 Yaaqoob gara galgalaa yommuu dirreedhaa dhufu, Liyaan isa simachuuf baatee, “Ani firiiwwan ilmi koo fideen waanan si kireeffadheef, harʼa anaa wajjin ciista” isaan jette. Kanaafuu, inni halkan sana ishii wajjin ni ciise. 17 Waaqayyos kadhannaa Liyaa dhagaʼee deebii ishiidhaaf kenne; ishiinis ni ulfoofte; boodas Yaaqoobiif ilma shanaffaa ni deesse. 18 Achiis Liyaan, “Ani tajaajiltuu koo abbaa manaa kootiif waanan kenneef, Waaqayyo mindaa koo naaf kaffale” jette. Kanaafuu, maqaa isaa Yisaakor*+ jettee moggaaste. 19 Liyaan ammas ni ulfoofte; boodas Yaaqoobiif ilma jaʼaffaa ni deesse.+ 20 Achiis Liyaan, “Waaqayyo kennaa naaf kenneera; eeyyee, kennaa gaarii naaf kenneera. Ani ilmaan jaʼa waanan isaaf daʼeef,+ dhuma irratti abbaan manaa koo naaf obsa”+ jette. Kanaafuu, maqaa isaa Zaabiloon*+ jettee moggaaste. 21 Sana booda ishiin durba deesse; maqaa ishiis Diinaa+ jettee moggaaste.
22 Dhuma irratti Waaqayyo Raaheliin ni yaadate; kadhannaa ishii dhagaʼee akka ulfooftu gochuudhaanis deebii ishiidhaaf ni kenne.*+ 23 Ishiinis ulfooftee ilma deesse. Achiis, “Waaqayyo arrabsoo koo ana irraa fageesseera!”+ jette. 24 Kanaafuu ishiin, “Yihowaan ilma kan biraas naaf dabaleera” jechuudhaan, maqaa isaa Yoseef*+ jettee moggaaste.
25 Raahel Yoseefiin erga deessee booda, Yaaqoob yeruma sana Laabaaniin akkana jedhe: “Gara iddoo koo fi gara biyya kootti akkan deebiʼuuf na geggeessi.+ 26 Haadhotii manaa koo fi ijoollee koo warran isaaniif jedhee si tajaajile naaf kenniitii nan deema; akkamitti akkan si tajaajile ati iyyuu akka gaariitti beekta.”+ 27 Achiis Laabaan, “Ani Yihowaan sababa keetiin na eebbisaa akka jiru milkiin arge* irraa waanan hubadheef, si duratti fudhatama argadheera yoon taʼe asuma taaʼi” isaan jedhe. 28 Itti dabaluudhaanis, “Mindaa kee murteessii natti himi; anis siifan kenna”+ isaan jedhe. 29 Yeroo kanatti Yaaqoob akkana isaan jedhe: “Akkam akkan si tajaajilee fi bushaayeen kee ana biratti akkam akka horan beekta;+ 30 ani dhufuu koo dura waanuma xinnoo qabda turte; ergan dhufee booda garuu bushaayeen kee wal horanii baayʼataniiru; Yihowaanis si eebbiseera. Maarree, mana kootiif yooman waa godha?”+
31 Innis, “Maal siif kennu ree?” isaan jedhe. Yaaqoobis akkana jedhe: “Homaa naaf hin kennin! Waanuma tokko qofa yoo naaf goote, bushaayee kee tiksuu fi eeguu koo ittan fufa.+ 32 Harʼa bushaayee kee hundumaa keessa nan darba. Atis isaan keessaa hoolota tuqaa hedduu of irraa qabanii fi warra buburree taʼan hundumaa, akkasumas hoolota xobbaallaa gidduudhaa warra magaala taʼan hundumaa, reʼoota goromtii tuqaa hedduu of irraa qabanii fi warra buburree taʼan hundumaa adda ni baasta. Ammaa jalqabees kanneen kun mindaa koo ni taʼu.+ 33 Atis gara fuulduraatti mindaa koo ilaaluuf yommuu dhuftu, qajeelummaan* koo anaaf ragaa ni baʼa; reʼoota goromtii gidduudhaa warri tuqaa hedduu of irraa hin qabnee fi warri buburree hin taane hundi, akkasumas hoolota xobbaallaa gidduudhaa warri magaala hin taane hundi ana biratti yoo argaman akka hatamanitti ilaalamu.”
34 Yeroo kanatti Laabaan, “Gaarii dha! Akkuma jette haa taʼu” isaan jedhe.+ 35 Achiis guyyaa sanatti, reʼoota korbeeyyii sarara of irraa qabanii fi warra buburree taʼan, reʼoota goromtii warra tuqaa hedduu of irraa qabanii fi warra buburree taʼan hundumaa, akkasumas hoolota xobbaallaa gidduudhaa immoo warra halluu adii of irraa qabanii fi warra magaala taʼan hundumaa adda baasee akka tiksaniif ilmaan isaatti kenne. 36 Sana booda gara iddoo Yaaqoob irraa adeemsa guyyaa sadii fagaatu ni deeme; Yaaqoob immoo bushaayee Laabaan warra hafan tiksa ture.
37 Achiis Yaaqoob muka libnaa,* muka almoondii fi muka armoon* irraa uleewwan reefuu muraman fuudhee, darbee darbee quncisuudhaan, keessi isaanii inni adiin akka mulʼatu godhee buburreesse. 38 Achiis bushaayeen sun yommuu bishaan dhuguuf dhufan uleewwan sana duratti ariisaadhaaf akka kakaʼaniif, uleewwan ququncise sana bushaayee sana dura, jechuunis boʼoo bidiruu bushaayeen bishaan keessaa dhuguuf dhufan keessa kaaʼe.
39 Kanaafuu, bushaayeen sun uleewwan sana duratti wal ariʼu; achiis ilmoolee sarara of irraa qaban, tuqaa hedduu of irraa qabanii fi buburree taʼan ni dhalu turan. 40 Sana booda Yaaqoob hoolota xobbaallaa taʼan adda baase; bushaayeen sunis gara warra sarara of irraa qabanii fi warra magaala taʼan hundumaa, warra bushaayee Laabaan keessa jiranitti akka garagalan godhe. Inni bushaayee isaa adda ni baase; bushaayee Laabaanittis isaan hin makne. 41 Bushaayee ciccimoon yeroo ariisaadhaaf kakaʼan hundumaatti uleewwan sana biratti akka wal ariʼaniif Yaaqoob uleewwan sana boʼoo keessa bushaayee sana dura kaaʼa ture. 42 Bushaayeen sun dadhaboo yoo taʼan garuu uleewwan sana achi hin kaaʼu ture. Kanaafuu, yeroo hundumaa warri dadhaboon kan Laabaan, warri ciccimoon immoo kan Yaaqoob taʼu turan.+
43 Namichis baayʼee badhaadhaa taʼe; bushaayee hedduu, tajaajiltoota dhiiraa fi durbaa, akkasumas gaalotaa fi harrootas ni qabaate.+
31 Yaaqoobis yeroo booda ilmaan Laabaan, “Yaaqoob wanta abbaan keenya qabu hundumaa fudhateera; qabeenya kana hunda kan walitti qabates abbaa keenya irraa fudhatee ti”+ jechuu isaanii dhagaʼe. 2 Yaaqoobis fuula Laabaan yommuu ilaalu, ilaalchi inni isaaf qabu akka jijjiirame hubate.+ 3 Dhuma irrattis Yihowaan Yaaqoobiin, “Gara biyya abbootii keettii fi gara firoottan keetti deebiʼi;+ anis sii wajjin nan taʼa” jedhe. 4 Achiis Yaaqoob Raahelii fi Liyaan gara dirreetti, gara bushaayee isaatti akka dhufan isaanitti dhaame; 5 sana booda akkana isaaniin jedhe:
“Ilaalchi abbaan keessan anaaf qabu akka jijjiirame argeera;+ Waaqni abbaa kootii garuu anaa wajjin jira.+ 6 Humna koo guutuudhaan abbaa keessan akkan tajaajile isinumti iyyuu akka gaariitti beektu.+ 7 Abbaan keessan na gowwoomsuuf yaalii godheera; mindaa koos siʼa kudhan jijijjiireera; Waaqayyo garuu akka na miidhu isaaf hin heyyamne. 8 Yommuu inni, ‘Warri tuqaa hedduu of irraa qaban mindaa kee ni taʼu’ jedhu, bushaayeen hundi ilmoolee tuqaa hedduu of irraa qaban ni dhalu turan; yommuu inni, ‘Warri sarara of irraa qaban mindaa kee ni taʼu’ jedhu immoo, bushaayeen hundi ilmoolee sarara of irraa qaban ni dhalu turan.+ 9 Akka kanaan, Waaqayyo horii abbaa keessanii isa irraa fuudhee anaaf kenneera. 10 Gaaf tokko ani utuu bushaayeen wal ariʼanii, korbeeyyiin reʼee warri reʼoota goromtii ariʼaa turan kan sarara of irraa qaban, tuqaa hedduu of irraa qabanii fi buburree taʼuu isaanii abjuudhaan nan arge.+ 11 Achiis maleekaan Waaqa dhugaa abjuudhaan, ‘Yaaqoob!’ jedhee na waame; anis, ‘Kunoo asan jira’ jedheen deebise. 12 Itti fufuudhaanis akkana naan jedhe: ‘Wanta Laabaan si irratti raawwate hundumaa waanan argeef,+ maaloo, ol jedhiitii reʼoonni korbeeyyiin warri reʼoota goromtii ariʼaa jiran hundi kan sarara of irraa qaban, tuqaa hedduu of irraa qabanii fi buburree taʼuu isaanii ilaali. 13 Ani Waaqa dhugaa isa Beetel+ bakka ati siidaa irratti zayitii dhangalaastee* fi anaaf wareega itti wareegde sanatti sitti mulʼate dha.+ Amma kaʼi, biyya kanaa baʼiitii biyya itti dhalattetti deebiʼi.’”+
14 Yeroo kanatti Raahelii fi Liyaan akkana jedhanii isaaf deebisan: “Mana abbaa keenyaa keessatti qoodni akka dhaallu nuuf hafe jiraa? 15 Inni nu gurguree, maallaqa karaa keenya argate nyaachuun isaa akka namoota biyya ormaatti nu ilaaluu isaa kan argisiisu mitii?+ 16 Qabeenyi Waaqayyo abbaa keenya irraa fudhate hundi kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti.+ Kanaafuu, wanta Waaqayyo akka gootu sitti hime hundumaa raawwadhu.”+
17 Yaaqoobis kaʼee ijoollee isaa fi haadhotii manaa isaa gaalota irra kaaʼe;+ 18 achiis horii isaa hundumaa fi miʼawwan isaa warra walitti kuufate hundumaa ni fudhate;+ horii isaa warra Phaadaan Aaraam keessatti walitti qabates fudhatee gara abbaa isaa Yisihaaq isa biyya Kanaʼaan keessa jiruutti qajeele.+
19 Yeroo kanatti Laabaan hoolota isaa irraa rifeensa muruuf deemee ture; Raahelis siidaawwan taraafiim*+ warra kan abbaa ishii+ taʼan ni hatte. 20 Kana malees, Yaaqoob bakka sanaa akka deemu itti himuu dhiisuudhaan, Laabaan Aaraamicha ni gowwoomse. 21 Innis wanta qabu hundumaa fudhatee baqatee Lagicha*+ ceʼe. Achiis gara naannoo gaarotaa Giiliyaaditti+ qajeele. 22 Guyyaa sadaffaatti Yaaqoob baqachuun isaa Laabaanitti himame. 23 Kanaafuu, inni obboloota* isaa fudhatee adeemsa guyyaa torbaa isa duukaa buʼuudhaan naannoo gaarotaa Giiliyaaditti isa bira gaʼe. 24 Achiis Waaqayyo halkan abjuudhaan+ Laabaan Aaraamichatti+ mulʼatee, “Gaariis taʼe hamaa, wanta Yaaqoobitti dubbattuuf of eeggadhu!”* isaan jedhe.+
25 Yaaqoob dunkaana isaa gaaricha irra ni dhaabe; Laabaanis gara Yaaqoob ni dhaqe; yeroo kanatti Laabaan obboloota isaa wajjin naannoo gaarotaa Giiliyaad keessa buufatee ture. 26 Achiis Laabaan Yaaqoobiin akkana jedhe: “Wanti ati raawwatte kun maali dha? Kan na gowwoomsitee fi ijoollee durbaa koo akka namoota goraadeedhaan boojiʼamaniitti kan fudhatte maaliifi? 27 Dhoksaadhaan kan baqatte, kan na gowwoomsitee fi natti himuu kan dhiiste maaliifi? Utuu natti himteetta taʼee, gammachuudhaan, sirbaan, dibbee fi baganaadhaan sin geggeessan ture. 28 Ati garuu ijoollee ijoollee kootii* fi ijoollee durbaa koo akkan dhungadhu illee carraa naaf hin kennine. Wanti ati raawwatte kun gocha gowwummaa ti. 29 Si miidhuu nan dandaʼan ture; garuu Waaqni abbaa keetii eda galgala, ‘Gaariis taʼe hamaa, wanta Yaaqoobitti dubbattuuf of eeggadhu!’ jedhee natti dubbateera.+ 30 Gara mana abbaa keetti deebiʼuuf hawwaa waan turteef kunoo amma na biraa deemteetta; garuu waaqolii koo kan hatte maaliifi?”+
31 Yaaqoobis deebisee Laabaaniin akkana jedhe: “‘Ati humnaan ijoollee durbaa kee ana irraa ni fudhatta’ jedhee yaaduudhaan waanan sodaadheefan kana godhe. 32 Garuu namni waaqolii kee fudhate kam iyyuu haa ajjeefamu. Obboloota keenya duratti wantan qabu sakattaʼiitii wanta kan kee taʼe fudhadhu.” Yaaqoob garuu Raahel waaqolii sana akka hatte hin beeku ture. 33 Kanaafuu, Laabaan gara dunkaana Yaaqoob, gara dunkaana Liyaa fi gara dunkaana garbittiiwwan lamaaniitti+ kan seene taʼus, waaqolii sana hin arganne. Achiis dunkaana Liyaa keessaa baʼee gara dunkaana Raahelitti seene. 34 Kana gidduutti Raahel siidaawwan taraafiim sana fudhattee kooraa* gaalotaa keessa keessee irra teessee turte. Kanaafuu, Laabaan guutummaa dunkaanichaa keessa kan sakattaʼe taʼus hin arganne. 35 Raahelis abbaa ishiitiin, “Yaa gooftaa koo, hin aarin; ani wanta baramaa dubartoota irratti dhufu+ irra waanan jiruuf si duratti kaʼuu hin dandaʼu” jette. Kanaafuu, inni of eeggannoodhaan siidaawwan taraafiim+ sana kan barbaade taʼus argachuu hin dandeenye.
36 Yeroo kanatti Yaaqoob aaree Laabaaniin komachuu jalqabe. Achiis Yaaqoob Laabaaniin akkana jedhe: “Maalan balleesse? Cimsitee na faana buutee kan na ariitu cubbuu maalii raawwadheeni? 37 Kunoo, amma miʼawwan koo hundumaa guutummaatti sakattaateetta; maarree, wanta kan mana keetii taʼe akkamii argatte? Wanta argatte sana as obboloota koo fi obboloota kee dura kaaʼi; isaanis lamaan keenya gidduutti murtii haa kennan. 38 Waggoottan 20 ani sii wajjin ture kanatti, hoolonnii fi reʼoonni kee matumaa hin gatatne;+ anis xobbaallaa hoolaa bushaayee keetii matumaa hin nyaanne. 39 Horii bineensi+ ciccire akkamii iyyuu gara keetti fidee hin beeku. Wanta sana anumatu bakka buusa ture. Horiin tokko kan hatame halkan yookiin guyyaa yoo taʼe, akkan bakka siif buusu na dirqisiista turte. 40 Guyyaa aduudhaan, halkanis qorraan gubadheera; hirribnis ija koo irraa badeera.+ 41 Akka kanaan waggaa 20f sii wajjin jiraadheera. Ijoollee durbaa keetiif jedhee waggaa 14, bushaayee keetiif jedhee immoo waggaa 6 si tajaajileera; ati immoo mindaa koo siʼa kudhan jijijjiirteetta.+ 42 Waaqni abbaa kootii,+ Waaqni Abrahaamii fi inni Yisihaaq sodaatu*+ sun utuu naa wajjin hin jiru taʼee, silaa amma harka duwwaa na geggeessita turte. Waaqayyo dhiphina koo fi dhamaʼee hojjechuu koo argeera; inni eda galgala kan si akeekkachiises kanaafi.”+
43 Achiis Laabaan Yaaqoobiin akkana jedhe: “Ijoolleen durbaa kun, ijoollee durbaa koo ti; ijoolleen kun ijoollee koo ti; bushaayeen kun bushaayee koo ti; wanti ati argitu kun hundi kan koo fi kan ijoollee durbaa kootii ti. Ani harʼa isaan irrattis taʼe ijoollee isaan daʼan irratti maal gochuun dandaʼa ree? 44 Ammas kottuutii, anii fi ati kakuu waliif haa gallu; kakuun kunis nu gidduutti ragaa taʼee ni tajaajila.” 45 Kanaafuu, Yaaqoob dhagaa tokko fuudhee akka siidaatti dhaabe.+ 46 Achiis obboloota isaatiin, “Dhagaa walitti qabaa!” jedhe. Isaanis dhagaa walitti qabanii wal irra tuulan. Sana booda isaan tuullaa dhagaa sana irratti nyaata ni nyaatan. 47 Laabaan iddoo sana Yegaar Sahaadutaa* jedhee moggaase; Yaaqoob garuu Gaalʼiid* jedhee moggaase.
48 Achiis Laabaan, “Tuullaan dhagaa kun harʼa anaa fi si gidduutti ragaa dha” jedhe. Yaaqoobis maqaa isaa Gaalʼiid+ jedhee kan moggaase kanaafi; 49 akkasumas, Masaraa Eegumsaa jedhee moggaase; sababiin isaas Laabaan akkana jedhee ture: “Yeroo ija walii duraa dhokannutti Yihowaan wanta anii fi ati goonu haa ilaalu. 50 Ijoollee durbaa koo yoo cunqursitee fi isaan irratti haadhotii manaa dabalataa yoo fuute, namni kan biraan nuu wajjin jiraachuu baatus Waaqayyo anaa fi si gidduutti ragaa akka taʼu yaadadhu.” 51 Laabaan itti fufuudhaan Yaaqoobiin akkana jedhe: “Tuullaan dhagaa kunoo ti; siidaan ani ofii fi si gidduutti dhaabes kunoo ti. 52 Ani tuullaa dhagaa kana bira darbee akkan si hin miine, atis tuullaa dhagaa kanaa fi siidaa kana bira darbitee akka na hin miine, tuullaan dhagaa kunii fi siidaan kun ragaa dha.+ 53 Waaqni Abrahaamii+ fi Waaqni Naahor, Waaqni abbaa isaanii nu gidduutti murtii haa kennu.” Yaaqoobis isa abbaan isaa Yisihaaq sodaatu*+ sanaan ni kakate.
54 Sana booda Yaaqoob gaaricha irratti aarsaa dhiheesse; nyaata akka nyaataniifis obboloota isaa affeere. Isaanis ni nyaatan; halkan sanas gaaricha irra bulan. 55 Achiis Laabaan ganama bariidhaan kaʼee ijoollee ijoollee* isaa+ fi ijoollee durbaa isaa dhudhungatee isaan eebbise.+ Sana booda isaan irraa addaan baʼee gara manaatti deebiʼe.+
32 Sana booda Yaaqoob karaa isaa qajeele; maleekonni Waaqayyoos isa argatan. 2 Yaaqoob akkuma isaan argeen, “Kun buufata Waaqayyoo ti!” jedhe. Kanaafuu, maqaa iddoo sanaa Mahaanaayim* jedhee moggaase.
3 Achiis Yaaqoob gara obbolleessa isaa Esaawu isa biyya Seʼiir+ ishii naannoo* Edoom+ taate keessatti argamuutti of dura ergamtoota ni erge; 4 akkana jedhees isaan ajaje: “Esaawu gooftaa kootiin akkana jedhaa: ‘Tajaajilaan kee Yaaqoob akkana jedha: “Ani hamma ammaatti yeroo dheeraadhaaf Laabaanii wajjin jiraadheera.*+ 5 Ani qotiyyoowwan, harroota, hoolota, tajaajiltoota dhiiraa fi durbaa argadheera;+ si duratti fudhatama argachuufis ergaa kana gara si gooftaa kootti ergeera.”’”
6 Boodas ergamtoonni sun gara Yaaqoobitti deebiʼanii, “Obboleessa kee Esaawuun arganneerra; innis si simachuuf dhufaa jira; namoonni 400s isaa wajjin jiru” isaan jedhan.+ 7 Yeroo kanatti Yaaqoob baayʼee sodaate; ni dhiphates.+ Kanaafuu, namoota isaa wajjin turan, akkasumas bushaayeewwan, loonii fi gaalota isaa buufata lamatti hire. 8 Achiis, “Esaawu buufata tokko yoo rukute, buufanni inni kaan ooluu dandaʼa” jedhe.
9 Sana booda Yaaqoob akkana jedhe: “Waaqa abbaa kootii Abrahaamii fi Waaqa abbaa kootii Yisihaaq kan taate yaa Yihowaa, ati, ‘Gara biyya keettii fi gara firoottan keetti deebiʼi; anis sin eebbisa’ naan jetteetta;+ 10 Ani jaalala amanamaa fi amanamummaa isa ati tajaajilaa keetti argisiiste kana hundumaa argachuuf gaʼumsa hin qabu;+ Yordaanos kana kanan ceʼe ulee koo qofa qabadheeni; kunoo, amma garuu ani buufata lama taʼeera.+ 11 Ammas harka obboleessa koo Esaawu jalaa akka na oolchitun si kadhadha;+ inni dhufee ana, haadhotii kanaa fi ijoollee isaanii akka hin miine sodaadheera.+ 12 Atis, ‘Ani dhugumaan sin eebbisa; sanyii kees akka cirracha galaanaa isa baayʼina isaatiin kan kaʼe lakkaaʼamuu hin dandeenyee nan godha’ naan jetteetta.”+
13 Halkan sanas achuma bule. Achiis qabeenya isaa keessaa muraasa fudhatee obboleessa isaa Esaawuuf kennaa godhee erguuf qopheesse:+ 14 isaanis, reʼoota goromtii 200, reʼoota korbeeyyii 20, hoolota goromtii 200, hoolota xobbaallaa 20, 15 gaalota ilmoolee isaanii hoosisan 30, saawwan 40, qotiyyoowwan 10, harroota dhaltuu 20 fi wadala harree 10 turan.+
16 Achiis qoqqoodee tajaajiltoota isaatti erga isaan kennee booda, “Ana dura ceʼaa; tuuta tokko tuuta isa kan biraa irraa fageessaatii oofaa” isaaniin jedhe. 17 Tajaajilaa isaa isa jalqabaatiinis akkana jedhe: “Tarii obboleessi koo Esaawu si argatee, ‘Ati kan eenyuu ti? Eessa dhaqxa? Horiin si dura jiran kun kan eeyuu ti?’ yoo siin jedhe, 18 ati immoo, ‘Kan tajaajilaa kee Yaaqoobi. Kanneen kun kennaa gooftaa koo Esaawuuf ergamani dha;+ kunoo, innumti iyyuu nu duuba jira’ jettee isaaf deebista.” 19 Inni tajaajilaa isaa isa lammaffaa, isa sadaffaa fi warra horii oofan sana hundumaa akkana jedhee ajaje: “Esaawuun yommuu argattan, akkuma kana jettanii isaaf deebistu. 20 Kana malees, ‘Kunoo, tajaajilaan kee Yaaqoobis nu duuba jira’ isaan jedhaa.” Inni akkana kan godhe, ‘Of dura kennaa isaaf erguudhaan yoon isa sossobadhe,+ sana booda yommuun isa argutti gaarummaadhaan na simachuu dandaʼa’ jedhee waan yaadeef ture. 21 Kanaafuu, kennaan sun isa dura ni ceʼe; inni garuu halkan sana buufaticha keessa bule.
22 Boodas halkanuma sana kaʼee haadhotii manaa isaa lamaan,+ tajaajiltoota durbaa isaa lamaanii+ fi ilmaan isaa 11n fuudhatee malkaa Yaaboq ceʼe.+ 23 Akka kanaan, isaaniin fuudhatee lagicha* gamatti ceesise; wanta qabu hundumaas ni ceesise.
24 Dhuma irrattis Yaaqoob kophaa isaa hafe. Achiis namichi tokko hamma lafti bariʼutti isaa wajjin waldhaansoo gochuu jalqabe.+ 25 Innis akka isa hin moone yommuu hubatu, buusaa luqqeettuu isaa tuqe; yeroo isaa wajjin waldhaansoo gochaa turettis buusaan luqqeettuu Yaaqoob buqqaʼee ture.+ 26 Sana booda inni, “Lafti waan bariʼeef, amma nan deema” jedhe. Yaaqoobis, “Hamma na eebbistutti si hin gadhiisu” isaan jedhe.+ 27 Kanaafuu inni, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate; innis, “Yaaqoob” jedhee isaaf deebise. 28 Achiis inni, “Ati Waaqayyoo fi namootaa wajjin waldhaansoo qabdee+ dhuma irratti waan mooteef, kana booda maqaan kee Israaʼel* jedhama malee Yaaqoob hin jedhamu”+ isaan jedhe. 29 Yaaqoobis deebisee, “Maaloo, maqaa kee natti himi” jedhee isa gaafate. Inni garuu, “Maqaa koo maaliif na gaafatta?” isaan jedhe.+ Sana booda inni achitti isa eebbise. 30 Kanaafuu Yaaqoob, “Ani Waaqayyoon fuulleetti argeera; lubbuun koo garuu naaf oolteetti”+ jechuudhaan, maqaa iddoo sanaa Pheniʼel*+ jedhee moggaase.
31 Akkuma Phenuʼel* bira darbeenis aduun isa irratti ni baate; taʼus, inni sababii luqqeettuu isaatiin ni okkola ture.+ 32 Ilmaan Israaʼel hamma harʼaatti ribuu tafaa isa buusaa luqqeettuu irratti argamu kan hin nyaanne kanaafi; sababiin isaas, namichi buusaa luqqeettuu Yaaqoob isa ribuu tafa isaa irratti argamu tuqee ture.
33 Yaaqoobis ol jedhee yommuu ilaalu Esaawu gara isaa dhufaa akka jiru arge; namoonni 400s isaa wajjin jiru turan.+ Kanaafuu, ijoollee sana Liyaadhaaf, Raahelii fi tajaajiltoota durbaa lamaaniif ni hihire.+ 2 Tajaajiltoota durbaa fi ijoollee isaanii fuuldura ni godhe;+ Liyaa fi ijoollee ishii isaanitti aanse;+ Raahelii+ fi Yoseefiin immoo isaan duubaan godhe. 3 Achiis ofii isaatiif isaan dura buʼee deeme; yommuu gara obboleessa isaatti dhihaatus, siʼa torba lafatti gombifamee sagade.
4 Yeroo kanatti Esaawu isa simachuuf gara isaatti fiige; achiis hammatee isa dhungate; lamaan isaaniis ni booʼan. 5 Ol jedhee dubartootaa fi ijoollee sana yommuu ilaalu, “Warri sii wajjin jiran kun eenyu faʼi?” jedhee isa gaafate; innis, “Ijoollee Waaqayyo ana tajaajilaa kee badhaase dha”+ jedhee isaaf deebise. 6 Yeroo kanatti tajaajiltoonni durbaa sun ijoollee isaanii wajjin gara fuulduraatti dhihaatanii sagadan; 7 Liyaanii fi ijoolleen ishiis gara fuulduraatti dhihaatanii sagadan. Sana booda immoo Yoseefii fi Raahel gara fuulduraatti dhihaatanii sagadan.+
8 Esaawus, “Namootaa fi horii ani arge sana hunda kan ergite kaayyoo maaliitiifi?” jedhee isa gaafate.+ Innis, “Si gooftaa koo duratti fudhatama argachuuf jedheeni” jedhee isaaf deebise.+ 9 Achiis Esaawu, “Yaa obboleessa koo, ani qabeenya hedduun qaba.+ Wanta kan kee taʼe ofuma keetiif hambifadhu” isaan jedhe. 10 Yaaqoob garuu akkana jedhe: “Maaloo, na hin didin. Si duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, ija kee arguuf waanan fideef kennaa koo na harkaa fudhadhu. Ani fuula kee arguu koo, akkuman fuula Waaqayyoo argettan ilaala; atis gammachuudhaan na simatteetta.+ 11 Waaqayyo waan na eebbiseef, anis wanta na barbaachisu hundumaa waanan qabuuf,+ maaloo, kennaa* ani siif fide+ kana fudhadhu.” Yaaqoob irra deddeebiʼee waan isa kadhateef, inni kennaa sana ni fudhate.
12 Boodas Esaawu, “Kaanee haa deemnu; anis si dura buʼeen deema” isaan jedhe. 13 Innis deebisee akkana isaan jedhe: “Ati gooftaan koo, ijoolleen dadhaboo akka taʼan,+ akkasumas hoolotaa fi loon ilmoolee isaanii hoosisan kunuunsaa akkan jiru beekta. Horiiwwan kun guyyaa tokkoof illee saffisaan yoo oofaman guutummaatti ni dhumu. 14 Maaloo, gooftaan koo tajaajilaa isaa dura buʼee haa deemu; ani garuu hamman Seʼiiritti gooftaa koo bira gaʼutti,+ akkaataa deemsa horii koo fi kan ijoolleetiin caalaatti suuta jedhee deemuu koo ittan fufa.” 15 Achiis Esaawu, “Maaloo, namoota koo muraasa si biratti nan dhiisa” isaan jedhe. Innis deebisee, “Maaliif akkana goota? Ani si gooftaa koo duratti fudhatama argachuun koo qofti gaʼaa dha” isaan jedhe. 16 Kanaafuu, Esaawu guyyuma sanatti gara Seʼiiritti deebiʼuuf karaa jalqabe.
17 Yaaqoobis gara Suukoot+ deeme; achiis ofii isaatiif mana ni ijaarrate; horiiwwan isaatiifis daasii ijaare. Iddoo sanas Suukoot* jedhee kan moggaase kanaafi.
18 Yaaqoob Phaadaan Aaraamii+ baʼee erga deemee booda, magaalaa Sheekem+ ishii biyya Kanaʼaan+ keessatti argamtu nagaadhaan ni gaʼe; magaalattii biras ni buufate. 19 Achiis lafa xinnoo bakka dunkaana isaa itti dhaabbate sana ilmaan Hamoor irraa meetii 100n kan bite yeroo taʼu, Sheekem ilmaan Hamoor keessaa tokko ture.+ 20 Inni achitti iddoo aarsaa ni ijaare; iddoo aarsaa sanas Waaqayyo, Waaqa Israaʼel jedhee moggaase.+
34 Diinaan intalli Yaaqoob ishiin Liyaan deesse+ shamarran biyyattii wajjin yeroo dabarsuuf* gad ni baati turte.+ 2 Sheekem ilmi Hamoor Hiiwichaa+ inni geggeessaa biyyattii taʼe yommuu ishii argu fudhatee dirqisiisee ishii gudeede. 3 Inni Diinaa intala Yaaqoobiin sammuu isaa keessaa baasuu hin dandeenye; jaalala shamarree sanaatiin ni qabame; karaa akka ishii jaallatu argisiisuunis ishiitti* ni dubbate. 4 Dhuma irratti Sheekem abbaa isaa Hamooriin,+ “Shamarree tana na fuusisi” jedhe.
5 Yaaqoob Sheekem intala isaa Diinaa akka salphise* yeroo dhagaʼetti, ilmaan isaa horii isaa wajjin dirree keessa turan. Kanaafuu, Yaaqoob hamma isaan deebiʼanitti calluma jedhe. 6 Boodas Hamoor abbaan Sheekem Yaaqoobii wajjin dubbachuuf gad baʼe. 7 Ilmaan Yaaqoob garuu waaʼee kanaa dhagaʼanii yeruma sana iddoo tikaatii deebiʼanii dhufan. Inni intala Yaaqoobii wajjin ciisee+ wanta raawwatamuu hin qabne raawwachuudhaan+ Israaʼeliin waan salphiseef isaan aaranii, akka malees dheekkamanii turan.
8 Hamooris akkana isaaniin jedhe: “Ilmi koo Sheekem intala teessan baayʼee jaallateera.* Maaloo, isatti heerumsiisaa; 9 gaaʼelaanis nutti firoomaa. Ijoollee durbaa keessan nuu kennaa; ijoollee durbaa keenya immoo ofii keessaniif fudhadhaa.+ 10 Nuu wajjin jiraachuu dandeessu; guutummaan biyya keenyaa isin dura jira. Biyyattii keessa jiraadhaa, ishii keessatti daldaladhaa, qabeenyas horadhaa.” 11 Achiis Sheekem abbaa ishii fi obboloota ishiitiin akkana jedhe: “Isin duratti fudhatama yoon argadhe, wanta isin na gaafattan akkamii iyyuu isiniif nan kenna. 12 Gabbaraa fi kennaa baayʼee guddaa taʼe na gaafachuu dandeessu.+ Wanta na gaafattan akkamii iyyuu isiniif kennuuf fedhii qaba. Shamarree tana qofa natti heerumsiisaa.”
13 Inni obboleettii isaanii Diinaa waan salphiseef,* ilmaan Yaaqoob Sheekemii fi abbaa isaa Hamooriin gowwoomsuuf murteessan. 14 Isaan akkana isaaniin jedhan: “Akkana gochuun wanta nu salphisu waan taʼeef, obboleettii teenya nama dhaqna hin qabanneef*+ matumaa kennuu hin dandeenyu. 15 Dhimma kana irratti walii galuu kan dandeenyu, isin akkuma keenya yoo taatanii fi dhiironni keessan hundi dhaqna yoo qabatan qofa dha.+ 16 Achiis ijoollee durbaa keenya isiniif ni kennina; ijoollee durbaa keessanis ofii keenyaaf ni fudhanna; isinii wajjin ni jiraanna; uummata tokkos ni taana. 17 Nu dhageessanii dhaqna hin qabattan taanaan garuu, intala teenya fudhannee deemna.”
18 Dubbiin isaanii kunis Hamooriinis+ taʼe Sheekem ilma Hamooriin+ ni gammachiise. 19 Dargaggeessichi intala Yaaqoob waan jaallateef, wanta isaan gaafatan hatattamaan raawwate;+ inni guutummaa mana abbaa isaa keessaa hundumaa caalaa kabajamaa ture.
20 Kanaafuu, Hamoorii fi ilmi isaa Sheekem gara karra magaalattii deemanii akkana jedhanii namoota magaalaa isaaniitti dubbatan:+ 21 “Namoonni kun nagaadhaan nuu wajjin jiraachuu barbaadu. Lafichi balʼaa waan taʼeef isaaniinis ni gaʼa; kanaafuu, isaan biyyattii keessa haa jiraatan; ishii keessattis haa daldalatan. Ijoollee durbaa isaanii fuudhuu dandeenya; ijoollee durbaa keenyas isaanitti heerumsiisuu dandeenya.+ 22 Namoonni kun nuu wajjin saba tokko taʼanii jiraachuuf kan walii galan garuu, akkuma isaan dhaqna qabatanitti dhiirri nu gidduutti argamu kam iyyuu yoo dhaqna qabate qofa dha.+ 23 Sana booda, qabeenyi isaanii, badhaadhinni isaanii fi horiin isaanii hundi kanuma keenya taʼa mitii ree? Kanaafuu, isaan nuu wajjin akka jiraataniif tole haa jennu.” 24 Warri karaa karra magaalattii baʼan hundis wanta Hamoorii fi ilmi isaa Sheekem jedhan ni dhagaʼan; dhiironni hundi, jechuunis warri karaa karra magaalattii baʼan hundi dhaqna ni qabatan.
25 Haa taʼu malee, guyyaa sadaffaatti utuma madaan isaanii hin qoorin ilmaan Yaaqoob lamaan Simiʼoonii fi Leewwiin warri obboloota Diinaa+ taʼan, goraadee isaanii fudhatanii eenyu iyyuu utuu isaan hin shakkin gara magaalattiitti seenanii dhiirota hundumaa ajjeesan.+ 26 Isaan Hamooriinii fi ilma isaa Sheekemiin goraadeedhaan ajjeesanii, mana Sheekem keessaa Diinaa fudhatanii deeman. 27 Isaan obboleettii isaanii waan salphisaniif,*+ ilmaan Yaaqoob warri kaan gara namoota ajjeefaman sanaa dhaqanii magaalattii saaman. 28 Bushaayee isaanii, horii isaanii, harroota isaanii, akkasumas wanta magaalattii keessa jiruu fi dirree keessa jiru hundumaa ni fudhatan. 29 Kana malees, qabeenya isaanii hundumaa ni fudhatan; ijoollee isaanii warra xixinnoo fi haadhotii manaa isaanii hundumaa ni boojiʼan; wanta mana keessa jiru hundumaas ni saaman.
30 Yeroo kanatti Yaaqoob Simiʼoonii fi Leewwiidhaan+ akkana jedhe: “Isin jiraattota biyya kanaa kan taʼan Kanaʼaanonnii fi Pheriizonni akka waan xiraaʼaatti akka na ilaalan gochuudhaan, rakkina guddaa anatti fiddaniittu.* Ani lakkoofsi koo xinnoo dha; isaanis na rukutuuf ana irratti walitti qabamuun isaanii hin oolu; anis taʼe manni koo guutummaatti haxaaʼamnee balleeffamna.” 31 Isaan garuu, “Eenyu iyyuu obboleettii teenya akka sagaagaltuutti lakkaaʼee wanta akkasii irratti haa raawwatuu ree?” jedhan.
35 Sana booda Waaqayyo Yaaqoobiin, “Kaʼi, gara Beetelitti+ ol baʼiitii achi jiraadhu; bakka sanattis Waaqa dhugaa isa yeroo obboleessa kee Esaawu jalaa baqachaa+ turtetti sitti mulʼate sanaaf iddoo aarsaa ijaari” jedhe.
2 Achiis Yaaqoob maatii isaa fi namoota isaa wajjin jiran hundumaatiin akkana jedhe: “Waaqolii ormaa isin gidduutti argaman of biraa fageessaa;+ of qulqulleessaa; uffata keessanis jijjiirradhaa; 3 kaanees gara Beetelitti ol haa baanu. Achitti Waaqa dhugaa isa guyyaa dhiphina kootti na dhagaʼee fi bakkan dhaqe hundumaatti* anaa wajjin tureef+ iddoo aarsaa nan ijaara.” 4 Kanaafuu, isaan waaqolii ormaa of biraa qaban sanaa fi lootii gurra isaanii irra jiru hundumaa Yaaqoobitti kennan; innis muka guddaa Sheekemitti dhihoo jiru jalatti awwaale.*
5 Yommuu isaan adeemaa turanitti Waaqayyo magaalota naannoo isaanii jiran irratti sodaa buusee waan tureef, isaan ilmaan Yaaqoob hin ariine. 6 Yeroo booda Yaaqoobii fi namoonni isaa wajjin jiran hundi gara Luuz,+ jechuunis gara Beetel ishii biyya Kanaʼaan keessatti argamtuu dhufan. 7 Yommuu inni obboleessa isaa jalaa baqatee turetti Waaqni dhugaan achitti isatti mulʼatee waan tureef, bakka sanatti iddoo aarsaa ijaaree maqaa bakka sanaa El Beetel* jedhee moggaase.+ 8 Boodas Dibooraan+ ishiin guddiftuu Ribqaa turte ni duute; Beetel biratti muka qilxuu tokko jalattis ni awwaalamte. Kanaafuu, inni maqaa mukichaa Aloonbaakut* jedhee moggaase.
9 Waaqayyo utuu Yaaqoob Phaadaan Aaraamii dhufaa jiruu ammas isatti mulʼatee isa eebbise. 10 Achiis, “Maqaan kee Yaaqoobi.+ Kana booda garuu maqaan kee Yaaqoob utuu hin taʼin Israaʼel jedhama” isaan jedhe. Innis Israaʼel jedhee isa waamuu jalqabe.+ 11 Waaqayyo itti dabaluudhaan akkana isaan jedhe: “Ani Waaqa Hundumaa Dandaʼu dha.+ Hori, baayʼadhus. Saboonnii fi gumiin sabootaa si irraa ni argamu;+ mootonnis si* keessaa ni baʼu.+ 12 Biyyan Abrahaamii fi Yisihaaqiif kenne sana siif nan kenna; sanyiiwwan kee warra si booda dhufaniifis biyyattii nan kenna.”+ 13 Achiis Waaqayyo isa biraa, jechuunis iddoo itti isaa wajjin dubbachaa ture sana irraa ol ni baʼe.
14 Kanaafuu, Yaaqoob bakka Waaqayyo isaa wajjin dubbate sanatti siidaa dhagaa tokko dhaabe; isa irrattis jalqaba aarsaa dhugaatii, achiis zayitii dhangalaase.+ 15 Yaaqoobis iddoo Waaqayyo isaa wajjin itti dubbate sana ammas Beetel jedhee moggaase.+
16 Achiis isaan Beetelii baʼanii deeman. Efraataa gaʼuu isaanii duras Raahel ciniinsuun ishii jalqabe; ciniinsuun ishiis akka malee itti hammaate. 17 Utuma ishiin daʼuuf ciniinsifachaa jirtuus deessistuun ishii, “Ati ammas ilma waan argattuuf, hin sodaatin”+ ishiidhaan jette. 18 Duʼuu ishii yeroo xinnoo dura* (ishiin duʼuu jala geessee waan turteef), maqaa isaa Benʼonii* jettee moggaaste; abbaan isaa garuu maqaa isaa Biiniyaam*+ jedhee moggaase. 19 Raahelis ni duute; karaa gara Efraataa, jechuunis gara Beetaliheemitti geessu irrattis ni awwaalamte.+ 20 Yaaqoob awwaala ishii irratti siidaa ni dhaabe; siidaan awwaala Raahel kun hamma harʼaatti jira.
21 Sana booda Israaʼel achii baʼee masaraa Edeer irraa hamma tokko fagaatee dunkaana isaa dhaabe. 22 Gaaf tokko utuma Israaʼel biyya sana keessa jiraachaa jiruu, Ruuben gara Biilhaa ishii saajjatoo abbaa isaa taate sanaa dhaqee ishii wajjin ciise; Israaʼelis waaʼee kanaa ni dhagaʼe.+
Yaaqoob ilmaan 12 qaba ture. 23 Ilmaan inni Liyaa irraa dhalche, ilma isaa isa angafaa kan taʼe Ruuben,+ achiis Simiʼoon, Leewwii, Yihudaa, Yisaakorii fi Zaabiloon turan. 24 Ilmaan inni Raahel irraa dhalche, Yoseefii fi Biiniyaam turan. 25 Ilmaan inni Biilhaa ishii tajaajiltuu Raahel taate irraa dhalche, Daanii fi Niftaalem turan. 26 Ilmaan inni Zilfaa ishii tajaajiltuu Liyaa taate irraa dhalche immoo Gaadii fi Asheer turan. Kanneen kun ilmaan Yaaqoob warra Phaadaan Aaraamitti isaaf dhalatani dha.
27 Yeroo booda Yaaqoob gara iddoo abbaan isaa Yisihaaq jiruutti, gara Maamree+ isa Qiriyaat Arbaa, jechuunis Kebroon keessatti argamuu ni dhufe; Abrahaamii fi Yisihaaq namoota biyya ormaa taʼanii iddoo kana jiraachaa turan.+ 28 Yisihaaq waggaa 180 jiraate.+ 29 Achiis Yisihaaq hafuura isaa isa dhumaa baafate; bara dheeraa fi jireenya gammachuu qabu jiraatee duʼe; gara saba isaattis walitti qabame;* ilmaan isaa Esaawuu fi Yaaqoobis isa awwaalan.+
36 Kun seenaa Esaawu isa Edoom+ jedhamu sanaa ti.
2 Esaawu ijoollee durbaa Kanaʼaan keessaa haadhotii manaa fuudhe; isaanis intala Eloon Heetichaa+ kan taate Aadaa,+ intala Anaa fi intala ilma Zibeʼoon Hiiwichaa kan taate Oholibaamaa,+ 3 akkasumas intala Ishmaaʼelii fi obboleettii Nebaayot+ kan taate Baasemaat+ turan.
4 Aadaan Esaawuuf Eliifaaziin kan deesse yeroo taʼu, Baasemaat immoo Rewuʼeliin deesse.
5 Akkasumas Oholibaamaan Yeʼuush, Yaalaamii fi Qoraa deesse.+
Kanneen kun ilmaan Esaawu warra biyya Kanaʼaan keessatti isaaf dhalatani dha. 6 Sana booda Esaawu haadhotii manaa isaa, ilmaan isaa, ijoollee durbaa isaa, miseensota* maatii isaa hundumaa, bushaayee isaa fi horii isaa hundumaa, akkasumas qabeenya biyya Kanaʼaan keessatti horate hundumaa+ fudhatee obboleessa isaa Yaaqoob irraa hamma tokko fagaatee gara biyya kan biraa deeme.+ 7 Sababiin isaas, miini isaanii akka malee baayʼee waan tureef isaan waliin jiraachuu hin dandeenye; horii isaaniitiin kan kaʼes biyyi isaan keessa jiraachaa* turan hunduma isaaniitiif gaʼaa hin turre. 8 Kanaafuu, Esaawu naannoo gaarotaa Seʼiir+ keessa jiraachuu jalqabe. Esaawu Edoom jedhamees ni waamama.+
9 Kun seenaa Esaawu isa abbaa Edoomotaa taʼee fi naannoo gaarotaa Seʼiir keessa jiraatu sanaa ti.+
10 Maqaan ilmaan Esaawu kana dha: ilma Aadaa haadha manaa Esaawu kan taʼe Eliifaazii fi ilma Baasemaat haadha manaa Esaawu kan taʼe Rewuʼel.+
11 Ilmaan Eliifaaz Temaan,+ Omaar, Zeefoo, Gaataamii fi Qeenaaz+ turan. 12 Timnaan saajjatoo Eliifaaz ilma Esaawu taate. Yeroo boodas ishiin Eliifaaziif Amaaleqiin+ ni deesse. Kanneen kun ilmaan Aadaa ishii haadha manaa Esaawu taate sanaa ti.
13 Kanneen kun ilmaan Rewuʼeli: Naahaat, Zeeraa, Shaamaa fi Miizaa. Kanneen kun ilmaan Baasemaat+ ishii haadha manaa Esaawu taate sanaa turan.
14 Kanneen kun ilmaan Oholibaamaan ishiin intala Anaa, intala ilma Zibeʼoonii fi haadha manaa Esaawu turte sun Esaawuuf deesse dha: Yeʼuush, Yaalaamii fi Qoraa.
15 Kanneen kun ilmaan Esaawu warra dura buutota* taʼani dha:+ Ilmaan Eliifaaz isa ilma angafaa Esaawu taʼe sanaa kanneen kana dha: Dura Buʼaa Temaan, Dura Buʼaa Omaar, Dura Buʼaa Zeefoo, Dura Buʼaa Qeenaaz,+ 16 Dura Buʼaa Qoraa, Dura Buʼaa Gaataamii fi Dura Buʼaa Amaaleq. Kanneen kun ilmaan Eliifaaz+ warra biyya Edoom keessatti dura buutota turani dha. Kanneen kun ilmaan Aadaa irraa dhalatani dha.
17 Kanneen kun ilmaan Rewuʼel isa ilma Esaawu taʼee ti: Dura Buʼaa Naahaat, Dura Buʼaa Zeeraa, Dura Buʼaa Shaamaa fi Dura Buʼaa Miizaa. Kanneen kun ilmaan Rewuʼel warra biyya Edoom keessatti dura buutota+ turani dha. Kanneen kun ilmaan Baasemaat ishii haadha manaa Esaawu taate irraa dhalatani dha.
18 Dhuma irrattis ilmaan Oholibaamaa haadha manaa Esaawu kanneen kana turan: Dura Buʼaa Yeʼuush, Dura Buʼaa Yaalaamii fi Dura Buʼaa Qoraa. Kanneen kun ilmaan Oholibaamaa warra dura buutota taʼani dha; Oholibaamaan intala Anaa ishii haadha manaa Esaawu taate dha.
19 Kanneen kun ilmaan Esaawuu fi warra dura buutota isaanii taʼani dha. Inni, Edoom jedhamees ni waamama.+
20 Kanneen kun ilmaan Seʼiir Hoorichaa, warra jiraattota biyya sanaa turani dha:+ Looxaan, Shobaal, Zibeʼoon, Anaa,+ 21 Diishon, Ezeerii fi Diishaan.+ Kanneen kun dura buutota Hoorotaa warra ilmaan Seʼiir taʼanii fi biyya Edoom keessatti argamani dha.
22 Ilmaan Looxaan Hoorii fi Hemaam yeroo taʼan, obboleettiin Looxaan immoo Timnaa turte.+
23 Kanneen kun ilmaan Shobaal turan: Alwaan, Maanaahaat, Eebaal, Shefoo fi Onaam.
24 Ilmaan Zibeʼoon+ Aayaa fi Anaa turan. Anaan kun isa utuu harroota abbaa isaa Zibeʼoon eegaa jiruu lafa onaa keessatti burqaawwan hoʼaa taʼan argate sana dha.
25 Kanneen kun ijoollee Anaa turan: Diishonii fi Oholibaamaa intala Anaa.
26 Kanneen kun ilmaan Diishon turan: Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan.+
27 Kanneen kun ilmaan Ezeer turan: Bilhaan, Zaaʼaawaanii fi Aqaan.
28 Ilmaan Diishaan Uuzii fi Araan turan.+
29 Kanneen kun dura buutota Hoorotaa turan: Dura Buʼaa Looxaan, Dura Buʼaa Shobaal, Dura Buʼaa Zibeʼoon, Dura Buʼaa Anaa, 30 Dura Buʼaa Diishon, Dura Buʼaa Ezeerii fi Dura Buʼaa Diishaan.+ Kanneen kun akka dura buutota isaanii warra biyya Seʼiir keessatti argamaniitti, dura buutota Hoorotaa turan.
31 Kanneen kun mootiin akkamii iyyuu Israaʼelota* irratti bulchuu isaa dura+ mootota biyya Edoom keessatti bulchaa turani dha.+ 32 Beelaan ilmi Beʼor Edoom keessatti bulchaa kan ture yeroo taʼu, maqaan magaalaa isaas Dinhaabaa ture. 33 Beelaan yommuu duʼetti, Yobaab ilmi Zeeraa inni Boozraadhaa dhufe bakka isaa bulchuu jalqabe. 34 Yobaab yommuu duʼetti, Hushaam inni biyya Temaanotaatii dhufe bakka isaa bulchuu jalqabe. 35 Hushaam yommuu duʼetti, Hadaad ilmi Beedaad inni naannoo* Moʼaab keessatti warra Miidiyaan+ injifate bakka isaa bulchuu kan jalqabe yeroo taʼu, maqaan magaalaa isaas Awiit ture. 36 Hadaad yommuu duʼetti, Saamlaan inni Maasreqaadhaa dhufe bakka isaa bulchuu jalqabe. 37 Saamlaan yommuu duʼetti, Shaawul inni Rehoboot ishii Lagicha bira jirtu irraa dhufe bakka isaa bulchuu jalqabe. 38 Shaawul yommuu duʼetti, Baʼaal Hanaan ilmi Akboor bakka isaa bulchuu jalqabe. 39 Baʼaal Hanaan ilmi Akboor yommuu duʼetti, Hadaar bakka isaa bulchuu jalqabe. Maqaan magaalaa isaa Phaawu ture; maqaan haadha manaa isaa Meheetaabel yeroo taʼu, ishiin intala Maatreed, intala Mezaahaab turte.
40 Akka maatiiwwan isaaniitti, akka naannoowwan isaaniittii fi akka maqaa maqaa isaaniitti ilmaan Esaawu warri dura buutota taʼan kanneen kana turan: Dura Buʼaa Timnaa, Dura Buʼaa Alwaa, Dura Buʼaa Yeteet,+ 41 Dura Buʼaa Oholibaamaa, Dura Buʼaa Eelaa, Dura Buʼaa Piinon, 42 Dura Buʼaa Qeenaaz, Dura Buʼaa Temaan, Dura Buʼaa Mibzaar, 43 Dura Buʼaa Maagdiʼelii fi Dura Buʼaa Iraam. Kanneen kun akka gandeen isaanii warra biyya isaanii keessatti dhaala isaanii taʼanitti warra dura buutota Edoom taʼani dha.+ Kun Esaawu isa abbaa Edoomotaa taʼe dha.+
37 Yaaqoob biyya Kanaʼaan isa abbaan isaa nama biyya ormaa taʼee keessa jiraachaa ture keessa jiraate.+
2 Seenaan Yaaqoob kana dha.
Yoseef+ dargaggeessichi yeroo umuriin isaa waggaa 17 turetti, ilmaan Biilhaa+ fi ilmaan Zilfaa+ wajjin bushaayee tiksa ture;+ Biilhaa fi Zilfaan haadhotii manaa abbaa isaa turan. Yoseefis waaʼee wanta hamaa isaan hojjechaa turanii abbaa isaaniitti hime. 3 Israaʼel bara dulluma isaatti waan isa dhalcheef, ilmaan isaa warra kaan hundumaa+ caalaa Yoseefiin ni jaallata ture; Yoseef uffata addaa* isaaf tolfames qaba ture. 4 Obboloonni isaas abbaan isaanii hunduma isaanii caalaa akka isa jaallatu yommuu argan isa jibbuu jalqaban; nagaadhaanis isatti dubbachuu hin dandeenye.
5 Boodas Yoseef abjuu tokko argee obboloota isaatti hime;+ isaanis sababii kan biraa ittiin isa jibban argatan. 6 Innis akkana isaaniin jedhe: “Maaloo, abjuu ani arge kana dhagaʼaa. 7 Nuti maasii walakkaatti bissiiwwan* hidhaa turre; yeroo kanatti bissiin koo kaʼee dhaabbate; achiis bissiiwwan keessan itti marsanii bissii kootiif sagadan.”+ 8 Obboloonni isaas, “Ati dhuguma nu irratti mootii of gochuu fi nu irratti aangoo qabaachuuf jettaa?”+ isaan jedhan. Abjuu isaa fi wanta inni dubbateen kan kaʼe, isaan sababii ittiin isa jibban kan biraa argatan.
9 Sana booda inni ammas abjuu tokko arge; achiis, “Ani abjuu kan biraas argeera. Yeroo kanatti aduun, addeessii fi urjiileen 11 anaaf ni sagadan”+ jedhee obboloota isaatti hime. 10 Achiis abjuu kana abbaa isaa fi obboloota isaatti hime; abbaan isaas isatti dheekkamee, “Hiikni abjuu kee kanaa maali dha? Anii fi haati tee, akkasumas obboloonni kee dhuguma dhufnee lafatti gombifamnee siif sagaduuf jennaa?” isaan jedhe. 11 Obboloonni isaas caalaatti isatti hinaafan;+ abbaan isaa garuu wanta inni jedhe irratti ni yaada ture.
12 Achiis obboloonni isaa bushaayee abbaa isaanii dheechisuuf gara iddoo Sheekem+ biratti argamu tokkoo dhaqan. 13 Boodas Israaʼel Yoseefiin, “Obboloonni kee iddoo Sheekem biratti argamu tokkotti bushaayee tiksaa jiru mitii? Kottu, gara isaaniittan si ergaa” jedhe. Innis, “Tole, nan dhaqa!” jedhee isaaf deebise. 14 Kanaafuu inni, “Maaloo, dhaqiitii obboloonni kee fayyaa taʼuu isaanii ilaali. Bushaayeen sun akkamitti akka jiran ilaaliitii, deebiʼii kottuu natti himi” isaan jedhe. Innis sulula* Kebroon+ irraa isa erge; Yoseefis gara Sheekem dhaqe. 15 Boodas namichi tokko utuu inni dirree keessa jooruu isa argatee, “Maal barbaadaa jirta?” jedhee isa gaafate. 16 Innis deebisee, “Obboloota koo barbaadaan jira. Maaloo natti himi, eessatti bushaayee tiksaa jiru?” isaan jedhe. 17 Namichis itti fufuudhaan, “Asii deemaniiru; yommuu isaan, ‘Gara Dootaan haa dhaqnu’ waliin jedhan dhagaʼeera” jedhe. Kanaafuu, Yoseef obboloota isaa duukaa buʼee Dootaanitti isaan argate.
18 Isaanis, inni isaan bira gaʼuu isaa dura fagootti arganii, isa ajjeesuuf irratti mala qopheessuu jalqaban. 19 Kanaafuu, akkana waliin jedhan: “Kunoo, abbaan abjuu sun dhufaa jira.+ 20 Kottaa, isa ajjeesnee boollawwan bishaanii keessaa isa tokko keessatti isa darbanna; achiis bineensa hamaa tokkotu isa nyaate haa jennu. Sana booda abjuun isaa maal akka taʼu ilaalla.” 21 Ruubenis+ yommuu kana dhagaʼu, isaan irraa isa oolchuuf yaalii godhe. Kanaafuu, “Lubbuu isaa balleessuun illee nutti haa hafu” jedhe.+ 22 Ruuben, “Dhiiga hin dhangalaasinaa.+ Boolla bishaanii lafa onaa keessa jiru kana keessatti isa gataa malee isa hin miidhinaa”* isaaniin jedhe.+ Inni akkana kan godhe, isaan irraa isa oolchee gara abbaa isaatti isa deebisuu waan barbaadeef ture.
23 Kanaafuu, Yoseef akkuma gara obboloota isaa dhufeen, isaan uffata addaa inni uffate sana irraa baasanii+ 24 qabanii boolla bishaanii sana keessatti isa darbatan. Yeroo sanatti boollichi duwwaa ture; achi keessas bishaan hin jiru ture.
25 Sana booda nyaata nyaachuuf taaʼan. Ol jedhanii yeroo ilaalanis, imaltoonni Ishmaaʼelota+ taʼan Giiliyaad irraa yommuu dhufan ni argan. Gaalota isaanii irrattis hapheen foolii gaarii qabu, baalsaamiinii* fi qolli mukaa haphee qabu+ feʼamee ture; isaan gara Gibxiitti gad buʼaa turan. 26 Yeroo kanatti Yihudaan obboloota isaatiin akkana jedhe: “Obboleessa keenya ajjeesnee dhiiga isaa dhoksuun keenya faayidaa maalii qaba?+ 27 Kottaa, Ishmaaʼelotatti isa haa gurgurru;+ harka keenyas isa irratti hin kaasnu. Inni obboleessa keenya dha; foon keenya dhas.” Kanaafuu, isaan obboleessa isaanii ni dhagaʼan. 28 Yommuu daldaltoonni Miidiyaanota+ taʼan achiin darbanittis, isaan Yoseefiin boolla bishaanii sana keessaa baasanii meetii sheeqilii* 20n Ishmaaʼelotatti isa gurguran.+ Namoonni kunis Yoseefiin gara Gibxiitti fudhatan.
29 Boodas Ruuben gara boolla bishaanii sanaatti deebiʼee Yoseef boolla sana keessa akka hin jirre yommuu argu uffata isaa tarsaase. 30 Yommuu gara obboloota isaatti deebiʼus, “Mucichi hin jiru! Egaa maalan godha?” jedhee iyye.
31 Kanaafuu, uffata Yoseef fudhatanii korbeessa reʼee tokko qalanii uffaticha dhiigicha keessa cuuphan. 32 Sana booda uffata addaa sana gara abbaa isaaniitti erganii, “Kana arganneerra. Maaloo, kun uffata ilma keetii taʼuu fi dhiisuu isaa ilaali” isaan jedhan.+ 33 Innis uffaticha ilaalee, “Uffata ilma kootii ti! Bineensi bosonaa hamaan isa nyaatee taʼuu qaba! Yoseef dhugumaan ciccirameera!” jedhee iyye. 34 Yeroo kanatti Yaaqoob uffata isaa tarsaasee, uffata gaddaas mudhii isaatti hidhatee guyyoota hedduudhaaf ilma isaatiif booʼe.* 35 Ijoolleen dhiiraa isaa hundii fi ijoolleen durbaa isaa hundi isa jajjabeessuuf yaalii kan godhan taʼus, inni garuu jajjabaachuu dide; inni, “Ani ilma kootiif utuman gadduu gara Awwaalaatti* gad nan buʼa!”+ jedha ture. Abbaan isaa isaaf booʼuu isaa itti fufe.
36 Miidiyaanonni sunis biyya Gibxii keessatti Phoxifaar isa abbaa taayitaa mana mootummaa Faraʼoonii+ fi ajajaa waardiyyootaa+ taʼetti isa gurguran.
38 Yeroo sanatti Yihudaan obboloota isaa biraa deemee namicha magaalaa Adulaam Hiiraa jedhamu tokko biratti dunkaana isaa dhaabe. 2 Achittis Yihudaan intala namicha biyya Kanaʼaan+ Shuʼaa jedhamu tokkoo ni arge. Innis ishii fuudhee ishii wajjin saalqunnamtii raawwate; 3 ishiinis ni ulfoofte. Boodas ilma deesse; innis maqaa isaa Eer+ jedhee moggaase. 4 Ammas ulfooftee ilma ni deesse; maqaa isaas Onaan jettee moggaaste. 5 Dabalataanis ishiin ilma ni deesse; maqaa isaas Sheelaa jettee moggaaste. Yeroo ishiin isa deessetti inni* Akziib+ keessa ture.
6 Yeroo booda Yihudaan ilma isaa isa angafaa Eeriin ni fuusise; maqaan haadha manaa isaas Taamaar+ jedhama ture. 7 Ilma angafaa Yihudaa kan taʼe Eer garuu Yihowaa gaddisiisa ture; kanaafuu, Yihowaan isa ajjeese. 8 Kanaan kan kaʼes Yihudaan Onaaniin, “Haadha manaa obboleessa keetii wajjin saalqunnamtii raawwadhu; ishiis fuudhii wanta waarsaa irraa eegamu raawwadhuutii obboleessi kee sanyii akka qabaatu godhi” jedhe.+ 9 Onaan garuu sanyiin sun kan isaa akka taʼetti akka hin ilaalamne ni hubate.+ Kanaafuu, inni obboleessa isaatiif sanyii akka hin argamsiisnetti, yeroo ishii wajjin saalqunnamtii raawwatu sanyii isaa lafa irratti dhangalaasa ture.+ 10 Wanti inni raawwate Yihowaa duratti hamaa waan tureef, inni isas ni ajjeese.+ 11 Yihudaanis Taamaar ishii haadha manaa ilma isaa taateen, “Ilmi koo Sheelaan hamma guddatutti akka dubartii abbaan manaa irraa duʼeetti mana abbaa keetii keessa jiraadhu” jedhe; akkana kan jedhe, ‘Tarii innis akkuma obboloota isaa ni duʼa’+ jedhee waan yaadeef ture. Kanaafuu, Taamaar deemtee mana abbaa ishii keessa jiraachuu jalqabde.
12 Yeroo muraasa booda haadha manaa Yihudaa kan taate intalli Shuʼaa+ ni duute. Yihudaanis yeroo ishiidhaaf itti gaddu erga xumuree booda, michuu isaa Hiiraa Adulaamichaa+ wajjin gara namoota rifeensa hoolota isaa muranii fi Timnaa+ keessatti argamaniitti qajeele. 13 Taamaaris, “Kunoo, abbiyyuun* kee hoolota isaa irraa rifeensa muruuf gara Timnaatti ol baʼaa jira” jedhamee itti himame. 14 Taamaar, Sheelaan kan guddate taʼus ishiin haadha manaa taatee akka isaaf hin kennamne yommuu argitu,+ uffata dubartiin abbaan manaa irraa duʼe uffattu of irraa baastee, haguuggattee, shaashiidhaanis fuula ishii dhoksitee karra Eenaayim isa daandii gara Timnaatti geessu irra jiru bira teesse.
15 Yihudaanis yommuu ishii argu, ishiin fuula haguuggattee waan turteef yeruma sana akka sagaagaltuutti ishii ilaale. 16 Innis ishiin haadha manaa ilma isaa taʼuu ishii waan hin beekneef,+ karicha irraa ishiitti goree, “Maaloo, akkan sii wajjin saalqunnamtii raawwadhu naaf heyyami” ishiidhaan jedhe. Ishiin garuu, “Yoon sii wajjin saalqunnamtii raawwadhe maal naaf kennita?” isaan jette. 17 Innis deebisee, “Ani bushaayee koo keessaa xobbaallaa reʼee tokko siif nan erga” ishiidhaan jedhe. Ishiin garuu, “Hamma isa naaf ergitutti qabsiisa naaf kennitaa?” isaan jette. 18 Innis itti fufuudhaan, “Qabsiisa akkamiin siif kenna?” ishiidhaan jedhe; ishiinis deebistee, “Qubeellaa chaappaa*+ kee, funyoo kee fi ulee kee isa harkatti qabatte” isaan jette. Innis wantoota kana ishiidhaaf kennee ishii wajjin saalqunnamtii raawwate; ishiinis isa irraa ni ulfoofte. 19 Sana booda kaatee bakka sanaa deemte; haguuggii ishiis of irraa fuutee uffata dubartiin abbaan manaa irraa duʼe uffattu sana uffatte.
20 Yihudaanis qabsiisa sana dubartittii harkaa deebisee akka fudhatuuf, xobbaallaa reʼee tokko michuu isaa isa nama magaalaa Adulaam+ taʼe sanatti erge; inni garuu matumaa ishii argachuu hin dandeenye. 21 Innis, “Dubartii sagaagaltuun mana qulqullummaa ishiin Eenaayim keessa jiraattuu fi daandii cinaa teessu sun eessa jirti?” jedhee namoota naannoo ishii gaafate. Isaan garuu, “Dubartiin sagaagaltuun mana qulqullummaa taate naannoo kana hin jirtu” jedhanii isaaf deebisan. 22 Dhuma irrattis inni gara Yihudaatti deebiʼee, “Ani matumaa ishii argachuu hin dandeenye; namoonni naannoo sanaas, ‘Dubartiin sagaagaltuun mana qulqullummaa taate naannoo kana hin jirtu’ naan jedhaniiru” isaan jedhe. 23 Yeroo kanatti Yihudaan, “Nuti salphina irra akka hin buunetti, ishiin wantoota sana ofuma ishiitiif haa fudhattu. Kanas taʼe sana, ani xobbaallaa reʼee kana ishiidhaaf ergeen ture; ati garuu matumaa ishii argachuu hin dandeenye” jedhe.
24 Gara jiʼa sadii booda garuu, “Taamaar ishiin haadha manaa ilma keetii taate sun sagaagaltuu taateetti; sagaagalummaa ishiitiinis ulfoofteetti” jedhamee Yihudaatti himame. Yeroo kanatti Yihudaan, “Gad ishii baasaatii haa gubamtu”+ jedhe. 25 Utuma gad baafamaa jirtuus, “Ani namicha abbaa wantoota kanaa taʼe irraan ulfaaʼe” jettee abbiyyuu ishiitti dhaamsa ergite. Itti dabaluudhaanis, “Maaloo, wantoonni kun, jechuunis qubeellaan chaappaa, funyoonii fi uleen kun kan eenyuu akka taʼan qoradhu” jette.+ 26 Yihudaanis wantoota sana erga qoratee booda, “Ilma koo Sheelaadhaaf waanan ishii hin kennineef, ishiin ana caalaa qajeeltuu dha” jedhe.+ Sana booda inni ishii wajjin saalqunnamtii hin raawwanne.
27 Yeroon daʼumsaa ishii yommuu gaʼetti, gadameessa ishii keessa ijoollee lakkuutu jira ture. 28 Utuu ishiin daʼumsa irra jirtuus, mucaan inni tokko harka isaa gad baase; deessistuun ishiis, “Inni kun jalqaba baʼeera” jettee, yeruma sana foʼaa diimaa fudhattee harka isaatti hiite. 29 Haa taʼu malee, akkuma inni harka isaa ol deebifateen obboleessi isaa gad ni baʼe; ishiinis, “Ati akkamitti ofuma keetiif diigdee baate?” jette. Kanaafuu, maqaan isaa Faares*+ jedhamee moggaafame. 30 Boodas obboleessi isaa inni foʼaa diimaan harka isaatti hidhame sun gad ni baʼe; maqaan isaas Zeeraa+ jedhamee moggaafame.
39 Yoseef gara Gibxiitti ni geeffame;+ namichi biyya Gibxii Phoxifaar+ jedhamu inni abbaa taayitaa mana mootummaa Faraʼoonii fi ajajaa waardiyyootaa taʼe Ishmaaʼelota+ warra isa fuudhanii gara biyya sanaatti gad buʼan irraa isa ni bite. 2 Yihowaan garuu Yoseefii wajjin ture.+ Kanaan kan kaʼes, inni milkaaʼina argate; mana gooftaa isaa isa nama Gibxii taʼe sana irrattis ajajaa godhamee muudame. 3 Gooftaan isaas, Yihowaan isaa wajjin akka jiruu fi Yihowaan wanta inni raawwatu hundumaa irratti milkaaʼina akka isaaf kennaa jiru ni arge.
4 Yoseef isa duratti fudhatama argachuu isaa itti fufe; tajaajilaa dhuunfaa isaas ni taʼe. Kanaafuu, inni mana isaa irratti isa muude; wanta kan isaa taʼe hundumaa irrattis itti gaafatamaa isa godhe. 5 Yeroo inni mana isaa irratti isa muudee fi wanta kan isaa taʼe hundumaa irratti itti gaafatamaa isa godhee jalqabee, Yihowaan sababii Yoseefiin mana namicha Gibxii sanaa ni eebbise; Yihowaan wanta inni mana keessaas taʼe alaa qabu hundumaa ni eebbise.+ 6 Yeroo boodas inni wanta kan isaa taʼe hundumaa toʼannaa Yoseef jala galche; inni wanta nyaatu qofa murteessa ture. Kana malees, Yoseef nama dhaabbiin isaa toluu fi bifti isaa miidhagu taʼe.
7 Wantoota kana booda, haati manaa gooftaa isaa ija ishii Yoseef irra buufachuu jalqabde; achiis, “Anaa wajjin ciisi” isaan jette. 8 Inni garuu tole hin jenne; haadha manaa gooftaa isaatiinis akkana jedhe: “Kunoo, gooftaan koo mana kana keessatti wanta na harka jiru tokko illee hin beeku; wanta qabu hundumaa imaanaadhaan anatti kenneera. 9 Mana kana keessatti namni ana irra caalu hin jiru; wanta hundumaa naaf kenneera; inni anaaf kan hin kennine si qofa; sababiin isaas, ati haadha manaa isaa ti. Maarree, ani badii guddaa kana akkamittan raawwadha? Waaqayyo irrattis akkamittan cubbuu hojjedha?”+
10 Akka kanaan ishiin guyyuma guyyaadhaan Yoseefitti kan dubbattu taʼus, inni garuu ishii wajjin ciisuufis taʼe ishii bira turuuf matumaa tole hin jenne. 11 Haa taʼu malee, gaaf tokko yommuu inni hojii isaa hojjechuuf gara manaa seenetti, hojjettoota manichaa keessaa tokko illee mana keessa hin turre. 12 Achiis uffata isaa qabattee, “Anaa wajjin ciisi” isaan jette. Inni garuu uffata isaa harka ishii irratti gatee alatti baqate. 13 Ishiinis uffata isaa harka ishii irratti gatee alatti baqachuu isaa akkuma argiteen, 14 iyyitee namoota mana ishii waamtee akkana isaaniin jette: “Kunoo, abbaan manaa koo nama nutti kolfisiisuuf Ibricha kana nutti fide. Inni anaa wajjin ciisuuf gara koo dhufee ture, ani garuu hamman dandaʼe sagalee koo ol kaasee iyyuun jalqabe. 15 Innis sagalee koo ol kaasee iyyuu koo akkuma dhagaʼeen, uffata isaa ana biratti gatee alatti baqate.” 16 Sana booda ishiin hamma gooftaan isaa gara manaa dhufutti uffata isaa of bira keesse.
17 Achiis ishiin akkana jechuudhaan wantuma sana irra deebitee dubbatte: “Tajaajilaan Ibrichi inni ati gara keenyatti fidde sun nama natti kolfisiisuuf gara koo dhufee ture. 18 Taʼus, sagalee koo ol kaasee iyyuu akkuman jalqabeen, uffata isaa ana biratti gatee alatti baqate.” 19 Gooftaan isaas wanta haati manaa isaa, “Tajaajilaan kee akkana akkana na godhe” jechuudhaan itti himte akkuma dhagaʼeen aaree bobaʼe. 20 Kanaafuu, gooftaan Yoseef isa fuudhee mana hidhaa bakka hidhamtoonni mootichaa itti hidhamanitti isa galche; innis mana hidhaa sana keessa ni ture.+
21 Yihowaan garuu Yoseefii wajjin ture; jaalala amanamaa isatti argisiisuu fi ajajaa mana hidhaa sana duratti fudhatama akka argatu gochuu isaas hin dhiisne.+ 22 Kanaafuu, ajajaan mana hidhaa sanaa hidhamtoota mana hidhaa keessa jiran hundumaa irratti Yoseefiin itti gaafatamaa godhe; wanta isaan achitti hojjetan hundumaa kan hojjechiisus isa ture.+ 23 Yihowaan Yoseefii wajjin waan tureef, akkasumas wanta inni raawwatu hundumaa Yihowaan waan isaaf milkeesseef, ajajaan mana hidhaa sun wanta itti gaafatamummaa Yoseef jala jiru ilaalchisee homaa hin dhiphatu ture.+
40 Wantoota kana booda, ajajaan warra dhugaatii dhiheessanii+ fi ajajaan warra daabboo tolchanii mootii Gibxii isa gooftaa isaanii taʼe irratti cubbuu hojjetan. 2 Kanaafuu, Faraʼoon ajajjoota isaa lamaan, jechuunis ajajaa warra dhugaatii dhiheessanii fi ajajaa warra daabboo tolchanii sanatti akka malee aare;+ 3 achiis mana hidhaa mana ajajaa waardiyyootaa+ isa Yoseef itti hidhame+ sana keessa isaan galche. 4 Ajajaan waardiyyootaa sunis Yoseef isaanii wajjin akka taʼuu fi akka isaan kunuunsu godhe;+ isaanis yeroo* muraasaaf mana hidhaa keessa ni turan.
5 Inni mootii Gibxiitiif dhugaatii dhiheessuu fi inni daabboo isaaf tolchu warri mana hidhaatti galfamanii turan sun halkanuma tokkotti abjuu abjuʼatan; abjuun isaaniis hiika mataa mataa isaa qaba ture. 6 Guyyaa itti aanutti ganama Yoseef seenee yommuu isaan ilaalu, isaan gaddanii turan. 7 Kanaafuu, inni ajajjoota Faraʼoon warra mana gooftaa isaa keessatti isaa wajjin mana hidhaa keessa turan sana, “Harʼa fuulli keessan kan gurraachaʼe maaliifi?” jedhee gaafate. 8 Isaanis deebisanii, “Lamaan keenya iyyuu abjuu abjuʼannee turre; garuu namni abjuu hiiku nu bira hin jiru” isaan jedhan. Yoseefis, “Abjuu kan hiiku Waaqayyo mitii?+ Maaloo, abjuu keessan natti himaa” isaaniin jedhe.
9 Kanaafuu, ajajaan warra dhugaatii dhiheessanii sun akkana jedhee abjuu isaa Yoseefitti hime: “Abjuu koo keessatti mukti wayinii tokko ana dura jira ture. 10 Muka wayinii sana irra latii sadiitu jira ture; inni yommuu biqilutti abaaboo baase; achiis firiiwwan wayinii bilchaatoo walitti tuutaʼan godhate. 11 Xoofoon Faraʼoonis na harka ture; anis firiiwwan wayinii sana fuudhee xoofoo Faraʼoon keessatti nan cuunfe. Sana booda xoofoo sana harka Faraʼoon irran kaaʼe.” 12 Yoseefis akkana isaan jedhe: “Hiikni abjuu keetii kana dha: Latiiwwan sadan guyyoota sadii dha. 13 Guyyaa sadii boodas, Faraʼoon gad si baasee* aangoo keetti si deebisa;+ atis akkuma yeroo dhugaatii isaaf dhiheessaa turte sanaatti xoofoo Faraʼoon harka isaa irra ni keessa.+ 14 Garuu yeroo milkaaʼina argattutti na yaadadhu. Maaloo, jaalala amanamaa natti argisiisi; inni bakka kanaa akka na baasuufis waaʼee koo Faraʼoonitti himi. 15 Ani nama biyya Ibrootaatii humnaan fudhatamee dhufe dha;+ asittis balleessaa mana hidhaatti* na galchisiisu tokko illee hin raawwanne.”+
16 Ajajaan warra daabboo tolchanii sun Yoseef abjuu sana wanta gaariitti akka hiike yeroo argu, innis akkana jedhee isatti hime: “Anis abjuu argeen ture; guuboowwan daabboo adii qabatan sadii mataa koo irra jiru turan; 17 guuboo isa gubbaa keessa nyaatawwan akaakuu hundumaa Faraʼooniif qophaaʼan jiru turan; allaattiiwwanis guuboo mataa koo irra jiru sana keessaa nyaaticha ni nyaatu turan.” 18 Yoseefis akkana jedhee isaaf deebise: “Hiikni abjuu keetii kana dha: Guuboowwan sadan guyyoota sadii dha. 19 Guyyaa sadii boodas, Faraʼoon morma kee si irraa kuta;* muka irrattis si fannisa; allaattiiwwanis foon kee si irraa ni nyaatu.”+
20 Guyyaan sadaffaanis guyyaa dhalootaa Faraʼoon+ ture; innis tajaajiltoota isaa hundumaatiif affeerraa qopheesse; achiis ajajaan warra dhugaatii dhiheessanii fi ajajaan warra daabboo tolchanii bakka tajaajiltoonni isaa jiranitti mana hidhaatii akka gad baʼan godhe.* 21 Innis ajajaa warra dhugaatii dhiheessanii sana gara aangoo isaa isa inni dhugaatii dhiheessuudhaan qabutti deebise; innis xoofoo sana Faraʼooniif dhiheessuu isaa itti fufe. 22 Ajajaa warra daabboo tolchanii sana garuu akkuma Yoseef abjuu isaanii isaaniif hiiketti ni fannise.+ 23 Haa taʼu malee, ajajaan warra dhugaatii dhiheessanii sun Yoseefiin hin yaadanne; kanaa mannaa guutummaatti isa irraanfate.+
41 Waggaan lama guutuun erga xumuramee booda Faraʼoon abjuu+ isaatiin Laga Abbayyaa bira dhaabbatee of arge. 2 Achittis saawwan bifti isaanii bareeduu fi gabbatoo taʼan torba lagicha keessaa baʼanii marga Abbayyaa dheedu turan.+ 3 Isaan boodas saawwan fokkisoo fi huqqatoo taʼan kan biroon torba laga Abbayyaa keessaa ni baʼan; isaanis qarqara Abbayyaatti saawwan gabbatoo sana bira dhaabbatan. 4 Achiis saawwan fokkisoo fi huqqatoo taʼan sun, saawwan bifti isaanii bareeduu fi gabbatoo taʼan torban sana nyaatanii fixan. Yeroo kanatti Faraʼoon hirribaa ni dammaqe.
5 Achiis deebiʼee rafee abjuu lammaffaa arge. Mataawwan midhaanii guutuu fi filatamoo taʼan torba agadaa tokko irratti baʼanii turan.+ 6 Mataawwan midhaanii qaqalloo taʼanii fi bubbee bahaatiin waxalaman torbas isaan booda ni biqilan. 7 Mataawwan midhaanii qaqalloo taʼan sunis, mataawwan midhaanii guutuu fi filatamoo taʼan torban sana liqimsuu jalqaban. Yeroo kanatti Faraʼoon hirriba isaatii dammaqee wanti kun abjuu taʼuu isaa hubate.
8 Yommuu bariʼu garuu miirri isaa ni jeeqame. Kanaafuu, Faraʼoon luboota Gibxii falfala raawwatan hundumaattii fi namoota biyyattii warra ogeeyyii taʼan hundumaatti dhaamsa ergee waamsise. Abjuuwwan isaas isaanitti ni hime; haa taʼu malee, namni abjuuwwan sana isaaf hiikuu dandaʼe tokko illee hin turre.
9 Yeroo kanatti ajajaan warra dhugaatii dhiheessanii akkana jechuudhaan Faraʼoonitti dubbate: “Ani harʼa cubbuu koo nan himadha. 10 Faraʼoon tajaajiltoota isaatti dheekkamee ture. Kanaafuu, inni anaa fi ajajaa warra daabboo tolchanii sana mana hidhaa mana ajajaa waardiyyootaa sanaa keessa galche.+ 11 Sana booda lamaan keenya iyyuu halkanuma tokkotti abjuu abjuʼanne. Abjuun koos taʼe abjuun isaa hiika mataa mataa isaa qaba ture.+ 12 Achi keessa dargaggeessi Ibrichi tajaajilaa ajajaa waardiyyootaa+ sanaa taʼe tokko nuu wajjin jira ture. Yeroo abjuu keenya isatti himnus,+ inni abjuu lamaan keenyaa nuuf hiike. 13 Akkuma inni nuuf hiikettis ni raawwatame. Ani gara aangoo kootti kanan deebiʼe yeroo taʼu, namichi inni kan biraan garuu ni fannifame.”+
14 Kanaafuu, Faraʼoon Yoseefiin akka fidaniif namoota erge;+ isaanis dafanii mana hidhaatii* isa fidan.+ Innis rifeensa isaa haaddatee, uffata isaas jijjiirratee Faraʼoon duratti dhihaate. 15 Faraʼoonis Yoseefiin, “Ani abjuu abjuʼadheen ture; garuu namni naaf hiiku tokko illee hin argamne. Ati abjuu dhageessee hiikuu akka dandeessu ani dhagaʼeera” jedhe.+ 16 Yeroo kanatti Yoseef, “Ani nama bakki guddaan kennamuuf miti! Nageenya Faraʼoon ilaalchisee Waaqayyo ni dubbata” jedhee Faraʼooniif deebise.+
17 Faraʼoonis akkana jedhee Yoseefitti hime: “Abjuu koo keessatti ani qarqara Laga Abbayyaa dhaabbadheen ture. 18 Achittis saawwan bifti isaanii bareeduu fi gabbatoo taʼan torba Abbayyaa keessaa baʼanii marga Abbayyaa dheeduu jalqaban.+ 19 Isaanitti aansees saawwan dadhaboo, fokkisoo fi huqqatoo taʼan kan biroon torba ni baʼan. Ani guutummaa biyya Gibxii keessatti saawwan fokkisoo taʼan akkanaa matumaa argee hin beeku. 20 Saawwan huqqatoon fokkisoo taʼan sun, saawwan warra jalqabaa gabbatoo taʼan torban sana nyaachuu jalqaban. 21 Haa taʼu malee, bifti isaanii akkuma duraaniitti fokkisaa waan tureef, erga isaan nyaatanii boodas eenyu illee akkana gochuu isaanii beekuu hin dandeenye. Yeroo kanatti hirriba kootii nan dammaqe.
22 “Sana booda, abjuu koo keessatti mataawwan midhaanii guutuu fi filatamoo taʼan torba agadaa tokko irratti baʼanii nan arge.+ 23 Isaanitti aansee mataawwan midhaanii coolligan, qaqalʼatanii fi bubbee bahaatiin waxalaman torba ni biqilan. 24 Achiis mataawwan midhaanii qaqalloo taʼan sun, mataawwan midhaanii filatamoo taʼan torban sana liqimsuu jalqaban. Kanaafuu, ani abjuu kana luboota falfala raawwatanitti nan hime;+ taʼus, namni hiika isaa ibsuu dandaʼe tokko illee hin argamne.”+
25 Achiis Yoseef Faraʼooniin akkana jedhe: “Abjuuwwan Faraʼoon arge tokkoo fi kan wal fakkaatani dha. Waaqni dhugaan wanta gochuuf jedhu Faraʼoonitti himeera.+ 26 Saawwan gaggaarii taʼan torban waggoota torba dha. Mataawwan midhaanii gaggaarii taʼan torbanis waggoota torba dha. Abjuuwwan kun tokkoo fi kan wal fakkaatani dha. 27 Saawwan huqqatoo fi fokkisoon isaanitti aansanii dhufan sun waggoota torba dha; mataawwan midhaanii duwwaan bubbee bahaatiin waxalaman sunis waggoota beelaa torba argisiisu. 28 Kunis akkuman Faraʼoonitti hime sana dha: Waaqni dhugaan wanta gochuuf jedhu Faraʼoonitti argisiiseera.
29 “Waggoota torbaaf guutummaa biyya Gibxii keessatti midhaan akka malee baayʼinaan ni argama. 30 Sana booda garuu waggoonni beelaa torba dhugumaan ni dhufu; quufni biyya Gibxii keessa ture hundis dhugumaan ni irraanfatama; beelichis biyyattii akka malee ni huba.+ 31 Beelichi baayʼee hamaa waan taʼuuf, beela sana booda dhufuun kan kaʼe quufni duraan biyyattii keessa ture hin yaadatamu. 32 Abjuun sun siʼa lama Faraʼoonitti akka mulʼatu kan godhame, Waaqni dhugaan dhimmicha ilaalchisee murtoo cimaa waan dabarseefi; Waaqni dhugaan abjuun sun yeroo dhihootti akka raawwatamu godha.
33 “Kanaafuu, amma Faraʼoon nama hubataa fi ogeessa taʼe tokko barbaadee biyya Gibxii irratti haa muudu. 34 Faraʼoon biyyattii keessatti ilaaltota ol aanaa muuduudhaan tarkaanfii haa fudhatu; waggoota quufaa torban keessattis midhaan biyya Gibxii harka shan keessaa harka tokko walitti haa qabu.+ 35 Isaanis midhaan waggoota gaggaarii kanatti argaman hundumaa walitti haa qaban; midhaanicha magaalota keessatti kuusanii achitti haa eegan; midhaan kunis kan Faraʼoon ni taʼa.+ 36 Biyyattiin beelichaan akka hin badnetti, midhaan sun waggoota beelaa torban biyya Gibxii keessatti taʼan sanatti namoota biyyattiitiif nyaata taʼee tajaajila.”+
37 Yaanni kunis Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa hundumaa duratti gaarii fakkaatee mulʼate. 38 Faraʼoonis tajaajiltoota isaatiin, “Namni hafuura Waaqayyoo qabu akkanaa kan biraan argamuu dandaʼaa?” jedhe. 39 Achiis Faraʼoon Yoseefiin akkana jedhe: “Waaqayyo kana hundumaa akka beektu waan godheef, namni akka kee hubataa fi ogeessa taʼe tokko illee hin jiru. 40 Ati mana koo irratti ajajaa taata; sabni koo hundis guutummaatti siif ni ajajama.+ Ani si irra kanan caalu mootii taʼuu kootiin* qofa dha.” 41 Faraʼoon itti dabaluudhaan Yoseefiin, “Kunoo, ani guutummaa biyya Gibxii irratti si muudeera” jedhe.+ 42 Achiis Faraʼoon qubeellaa chaappaa isaa quba isaa irraa baasee quba Yoseefitti kaaʼe; akkasumas uffata baʼeessa quncee talbaa irraa tolfame isatti uwwise; amartii mormaa warqiis morma isaatti kaaʼe. 43 Kana malees, inni gaarii fardaa ulfinaa isa kan mootichaa taʼee fi sadarkaa lammaffaa qabu isa yaabbachiise; isaanis isa dura buʼanii, “Avreek!”* jedhanii iyyu turan. Akka kanaan inni guutummaa biyya Gibxii irratti isa ni muude.
44 Faraʼoon itti dabaluudhaan Yoseefiin, “Ani Faraʼooni; taʼus, guutummaa biyya Gibxii keessatti namni tokko iyyuu heyyama kee malee wanta tokko illee gochuu* hin dandaʼu” jedhe.+ 45 Sana booda, Faraʼoon Yoseefiif maqaa Zaafenaat Paaneʼaa jedhu ni moggaase; akkasumas intala Phoxiferaa isa luba Oon* taʼe sanaa kan taate Asenaatiin+ isatti heerumsiise. Yoseefis naannaʼee biyya Gibxii ilaaluu jalqabe.+ 46 Yoseef yommuu Faraʼoon mootii Gibxii dura dhaabbatetti* umuriin isaa waggaa 30 ture.+
Achiis Yoseef Faraʼoon duraa baʼee guutummaa biyya Gibxii keessa naannaʼe. 47 Waggoota quufaa torban sanatti, lafattiin oomisha akka malee hedduu taʼe* kennite. 48 Innis waggoota torban sanatti biyya Gibxii keessaa midhaan walitti qabee magaalota keessatti kuusa ture. Tokkoon tokkoon magaalotaa keessattis, midhaan maasiiwwan naannoo isaanii jiran irraa argame ni kuusa ture. 49 Yoseefis akkuma cirracha qarqara galaanaatti midhaan akka malee hedduu taʼe walitti qabuu isaa itti fufe; midhaanichi madaalamuu kan hin dandeenye waan taʼeef, dhuma irratti isaan midhaanicha madaaluu ni dhiisan.
50 Barri beelaa sun gaʼuu isaa dura, Yoseef intala Phoxiferaa isa luba Oon* taʼe sanaa kan taate Asenaat irraa ilmaan lama ni dhalche.+ 51 Yoseef, “Waaqayyo rakkina koo hundumaa fi guutummaa mana abbaa kootii na irraanfachiise” jechuudhaan ilma isaa isa angafaa Minaasee*+ jedhee moggaase. 52 Achiis, “Waaqayyo biyyan itti rakkina arge keessatti akkan horu na godhe”+ jechuudhaan ilma isaa isa lammaffaa Efreem*+ jedhee moggaase.
53 Sana booda waggoonni torban biyya Gibxii keessatti yeroo quufaa turan sun ni xumuraman;+ 54 achiis akkuma Yoseef jedhee turetti, waggoonni beelaa torban sun ni jalqaban.+ Beelichi biyyoota hundumaa keessatti babalʼachaa deeme; haa taʼu malee, guutummaa biyya Gibxii keessa nyaanni jira ture.+ 55 Yeroo boodas guutummaan biyya Gibxii beelichaan hubame; sabichis nyaata argachuuf gara Faraʼoonitti iyyachuu jalqabe.+ Achiis Faraʼoon namoota biyya Gibxii hundumaatiin, “Gara Yoseef dhaqaatii wanta inni isiniin jedhu hundumaa godhaa” jedhe.+ 56 Beelichis guutummaa lafaa irratti babalʼachuu isaa itti fufe.+ Beelichi biyya Gibxii irratti akka malee hammaatee waan tureef, Yoseef gootaraawwan isaan gidduu jiran hundumaa banee namoota Gibxiitti gurguruu jalqabe.+ 57 Kana malees, beelichi guutummaa lafaa irratti akka malee hammaatee waan tureef, namoonni guutummaa lafaa irra jiran Yoseef irraa midhaan bituuf gara Gibxii dhufan.+
42 Yaaqoobis biyya Gibxii keessa midhaan akka jiru yeroo beeketti+ ilmaan isaatiin, “Calluma jettanii kan wal ilaaltan maaliifi?” jedhe. 2 Itti dabaluudhaanis, “Ani Gibxii keessa midhaan akka jiru dhagaʼeera. Lubbuudhaan akka jiraannuu fi duʼa irraa akka oolluuf, achitti gad buʼaatii midhaan nuuf bitaa” isaaniin jedhe.+ 3 Kanaafuu, obboloonni Yoseef kudhan+ Gibxiidhaa midhaan bituuf gad buʼan. 4 Yaaqoob garuu, “Tarii balaa cimaan isa argachuu dandaʼa” jedhee waan yaadeef,+ Biiniyaam isa obboleessa Yoseef taʼe obboloota isaa kaanii wajjin hin ergine.+
5 Beelichi hamma biyya Kanaʼaanitti babalʼatee waan tureef, ilmaan Israaʼel namoota midhaan bitachuuf deemaa turan kaanii wajjin gara Gibxii dhaqan.+ 6 Yoseef biyyattii keessatti nama aangoo qabu ture;+ namoota lafa irraa hundumaatti midhaan kan gurgurus isa ture.+ Kanaafuu, obboloonni Yoseef dhufanii adda isaaniitiin lafatti gombifamanii isaaf sagadan.+ 7 Yoseef obboloota isaa yommuu argu, yeruma sana kan isaan beeke taʼus, eenyummaa isaa isaan jalaa ni dhokse.+ Kanaafuu, “Eessaa dhuftan?” jedhee isaanitti dheekkame; isaanis, “Midhaan bitachuuf biyya Kanaʼaanii dhufne” jedhanii isaaf deebisan.+
8 Akka kanaan, Yoseef obboloota isaa kan beeke taʼus, isaan garuu isa hin beekne. 9 Yoseefis yeruma sana abjuu waaʼee isaanii arge yaadate;+ achiis, “Isin basaastota dha! Naannoowwan biyyattii warra dadhaboo taʼan* ilaaluuf dhuftan!” isaaniin jedhe. 10 Isaanis deebisanii akkana isaan jedhan: “Lakki yaa gooftaa, nuti tajaajiltoonni kee midhaan bitachuu dhufne. 11 Hundi keenya iyyuu ilmaan nama tokkoo ti. Nuti namoota qajeeloo dha. Nuti tajaajiltoonni kee basaastota miti.” 12 Inni garuu, “Lakki akkana miti! Isin naannoowwan biyyattii warra dadhaboo taʼan ilaaluuf dhuftan!” isaaniin jedhe. 13 Yeroo kanatti isaan, “Nuti tajaajiltoonni kee obbolaa 12 dha.+ Nuti ilmaan namicha biyya Kanaʼaan keessa jiraatu tokkoo ti;+ inni quxisuun abbaa keenya bira jira;+ inni tokko garuu hin jiru” isaan jedhan.+
14 Yoseef garuu akkana isaaniin jedhe: “Egaa isinitti himeera: ‘Isin basaastota dha!’ 15 Isin kanaan ni qoramtu: Lubbuu Faraʼoon isa jiraataatiin nan kakadha, hamma obboleessi keessan inni quxisuun as dhufutti bakka kanaa hin deemtan.+ 16 Isin keessaa namni tokko dhaqee obboleessa keessan isa quxisuu akka fidu ergaa; isin garuu mana hidhaa keessa turtu. Wanti isin dubbachaa jirtan dhugaa taʼuu isaa kanaan nan beeka. Taʼuu baannaan garuu, lubbuu Faraʼoon isa jiraataatiin nan kakadha, isin basaastota dha.” 17 Kanaafuu, inni guyyaa sadiif hunduma isaanii mana hidhaatti galche.
18 Guyyaa sadaffaattis Yoseef akkana isaaniin jedhe: “Ani Waaqayyoon waanan sodaadhuuf, akkana gochuudhaan lubbuu keessan oolfadhaa. 19 Isin namoota qajeeloo yoo taatan, obboloota keessan keessaa tokko hidhamee mana hidhaa isin keessa jirtan kana keessa haa turu; warri kaan garuu beela maatii keessan keessatti uumame salphisuuf midhaan fudhattanii deemuu dandeessu.+ 20 Achiis dubbiin keessan dhugaa taʼuun isaa akka beekamuuf, isinis akka hin duuneef obboleessa keessan isa quxisuu anatti fidaa.” Isaanis akkanuma godhan.
21 Achiis, “Amma sababii obboleessa keenyaatiin dhugumaan adabamaa jirra;+ sababiin isaas, nuti yeroo inni gara laafina akka isatti argisiisnu nu kadhatetti dhiphina isaa* utuma ilaalluu isa dhagaʼuu didnee turre. Dhiphinni kun kan nu irra gaʼe kanaafi” waliin jedhan. 22 Ruubenis, “Ani, ‘Mucicha irratti cubbuu hin hojjetinaa’ isiniin jennaan isin na dhagaʼuu hin didnee?+ Kunoo, amma nuti dhugumaan dhiiga isaatiif itti gaafatamaa jirra” jedhee isaaniif deebise.+ 23 Turjumaanni* isaan gidduu waan tureef, isaan Yoseef wanta isaan jedhan akka dhagaʼe hin beekne turan. 24 Kanaafuu, inni isaan irraa garagalee booʼuu jalqabe.+ Achiis garagalee isaanitti dubbachuu jalqabe; isaan gidduudhaas Simiʼooniin+ fudhatee ijuma isaanii duratti isa hidhe.+ 25 Sana booda Yoseef, karaciitii* isaaniitti midhaan akka guutan, maallaqa tokkoon tokkoon isaaniis karaciitii isaaniitti akka deebisan, daandii isaaniitiifis galaa akka isaaniif kennan ajaje. Kunis isaaniif ni godhame.
26 Kanaafuu, isaan midhaan isaanii harroota isaanii irratti feʼanii bakka sanaa deeman. 27 Bakka buufatanittis isaan keessaa inni tokko harree isaatiif gafara kennuuf karaciitii isaa yommuu hiiku, afaan karaciitii isaa keessatti maallaqa isaa arge. 28 Achiis obboloota isaatiin, “Maallaqni koo naaf deebifameera; kunoo, karaciitii koo keessa jira!” jedhe. Isaanis baayʼee naʼanii hollachaa, “Wanti Waaqayyo nutti fide kun maali dha?” waliin jedhan.
29 Gara abbaa isaanii Yaaqoob isa biyya Kanaʼaan keessa jiruutti yommuu dhufanis, akkana jechuudhaan wanta isaan irra gaʼe hundumaa isatti himan: 30 “Namichi gooftaa biyya sanaa taʼe sun nutti dheekkame;+ akkasumas biyyattii basaasuuf akka deemne dubbate. 31 Nuti garuu akkana isaan jenne: ‘Nuti namoota qajeeloo dha malee, basaastota miti.+ 32 Nuti obbolaa 12,+ ilmaan abbaa tokkoo ti. Inni tokko hin jiru;+ inni quxisuun immoo abbaa keenyaa wajjin biyya Kanaʼaan keessa jira.’+ 33 Gooftaan biyya sanaa garuu akkana nuun jedhe: ‘Namoota qajeeloo taʼuu keessan kanaan nan beeka: Obboloota keessan keessaa tokko ana biratti dhiisaa.+ Achiis beela maatii keessan keessatti uumame salphisuuf waa fudhadhaatii deemaa.+ 34 Isin basaastota utuu hin taʼin namoota qajeeloo taʼuu keessan akkan beekuufis obboleessa keessan isa quxisuu gara kootti fidaa. Sana booda ani obboleessa keessan isiniif nan deebisa; isinis biyyattii keessatti daldaluu dandeessu.’”
35 Yeroo midhaanicha karaciitii keessaa garagalchanittis, karaciitiin maallaqaa tokkoon tokkoon isaanii karaciitii isaanii keessa jira ture. Isaanis taʼan abbaan isaanii karaciitii maallaqaa isaanii yommuu argan ni sodaatan. 36 Yeroo kanatti abbaan isaanii Yaaqoob, “Gadda irra na buustaniittu!+ Yoseef hin jiru;+ Simiʼoonis hin jiru;+ amma immoo Biiniyaamiin fudhachuuf jettu! Rakkinni kun hundi kan gaʼe anuma irra dha!” isaaniin jedhe. 37 Ruuben garuu abbaa isaatiin, “Ani deebisee gara keetti yoon isa fiduu baadhe, ati ilmaan koo lamaan ajjeesi.+ Itti gaafatamummaadhaan isa natti kenni; anis gara keetti isa nan deebisa” jedhe.+ 38 Inni garuu, “Ilmi koo isinii wajjin gad hin buʼu; sababiin isaas obboleessi isaa duʼeera, amma kan hafe isa qofa dha.+ Daandii keessan irratti balaa cimaan yoo isa irra gaʼe, isin dhugumaan harrii koo gaddaan+ gara Awwaalaatti*+ gad ni buustu” jedhe.
43 Beelichis biyyattii keessatti ni hammaate.+ 2 Kanaafuu, isaan midhaan Gibxiidhaa fidan sana nyaatanii yeroo fixanitti+ abbaan isaanii, “Deebiʼaa dhaqaatii midhaan xinnoo nuuf bitaa” isaaniin jedhe. 3 Achiis Yihudaan akkana isaan jedhe: “Namichi, ‘Obboleessi keessan isinii wajjin yoo dhufe malee, isin lammata fuula koo akka hin argine’ jedhee ifatti nu akeekkachiiseera.+ 4 Obboleessa keenya yoo nuu wajjin ergite, nuti gad buunee midhaan siif ni binna. 5 Isa hin ergitu taanaan garuu namichi, ‘Obboleessi keessan isinii wajjin yoo dhufe malee, isin lammata fuula koo akka hin argine’ waan nuun jedheef gad hin buunu.”+ 6 Israaʼelis,+ “Isin obboleessa kan biraa akka qabdan namichatti himuudhaan rakkina kana maaliif natti fiddan?” jedhee isaan gaafate. 7 Isaanis akkana jedhanii isaaf deebisan: “Namichi, ‘Abbaan keessan amma iyyuu lubbuudhaan jiraa? Obboleessa kan biraa hoo qabduu?’ jedhee waaʼee keenyaa fi waaʼee firoottan keenyaa kallattiidhaan nu gaafate; nutis wantoota kana isatti himne.+ Akka inni, ‘Obboleessa keessan fidaa’ nuun jedhu akkamitti beekuu dandeenya?”+
8 Achiis Yihudaan akkana jedhee abbaa isaa Israaʼelitti dubbate: “Nuti, atii fi ijoolleen keenya akka jiraannu,+ akka hin duuneefis,+ mucicha anaa wajjin ergi;+ nutis karaa keenya haa qajeellu. 9 Ani nageenya isaatiif wabii nan taʼa.+ Wanti tokko yoo isa irra gaʼe ani ittan gaafatama. Isa gara keetti deebisee yoon fiduu baadhe, jireenya koo guutuu si duratti cubbamaa nan taʼa. 10 Garuu utuu deemneerra taʼee, silaa yoona siʼa lama achi dhaqnee deebiʼuu dandeenya turre.”
11 Kanaafuu, abbaan isaanii Israaʼel akkana isaaniin jedhe: “Kun dirqama taʼuu qaba yoo taʼe, akkana godhaa: Oomishawwan biyyattii hundumaa irra wayyan, jechuunis baalsaamii+ xinnoo, damma xinnoo, haphee foolii gaarii qabu, qola mukaa haphee qabu,+ lawuzii* fi almoondii karaciitii* keessanitti qabadhaatii akka kennaatti namichaaf geessaa.+ 12 Maallaqa harka lama fudhadhaa; maallaqa isa afaan karaciitii keessan keessatti deebifame sanas deebisaa.+ Tarii achi keessa kan kaaʼame dogoggoraan taʼuu dandaʼa. 13 Obboleessa keessan fudhadhaatii deebiʼaa gara namichaa dhaqaa. 14 Waaqni Hundumaa Dandaʼu namichi isiniif gaddee obboleessa keessan sanaa fi Biiniyaamiin akka isiniif gadhiisu haa godhu. Egaa, ijoollee koo dhabee gadda irra buʼuun qaba yoon taʼes haa taʼu!”+
15 Kanaafuu, isaan kennaa sana, maallaqa harka lamaa fi Biiniyaamiin ni fudhatan. Achiis kaʼanii karaa isaanii qajeeluudhaan gara Gibxiitti gad buʼanii ammas Yoseef dura dhaabbatan.+ 16 Yoseefis Biiniyaamiin isaan biratti yommuu argu, yeruma sana namicha ajajaa mana isaa taʼeen, “Namoota kana gara manaatti geessi; isaan anaa wajjin yeroo waareetti nyaata waan nyaataniif, horiiwwan qaliitii nyaata qopheessi” jedhe. 17 Namichis yeruma sana akkuma Yoseef jedhe godhe;+ isaaniinis gara mana Yoseefitti geesse. 18 Haa taʼu malee, namoonni sun yommuu gara mana Yoseefitti geeffaman ni sodaatan; achiis, “As kan fidamne, maallaqa yeroo darbe karaciitii keenya keessatti deebifame sanaan kan kaʼe dha. Isaan amma nu dhiphisanii garboota isaanii nu godhatu; harroota keenyas ni fudhatu!” jedhan.+
19 Kanaafuu, isaan balbala manichaa biratti namicha ajajaa mana Yoseef taʼe sanatti dhihaatanii isatti dubbatan. 20 Akkana jedhan: “Yaa gooftaa koo, dhiifama nuu godhi! Kanaan dura midhaan bituu dhufnee turre.+ 21 Haa taʼu malee, yeroo bakka buufataa keenya geenyee karaciitii keenya hiikuu jalqabnutti, maallaqni tokkoon tokkoon keenyaa afaan karaciitii keenyaa keessa jira ture; maallaqni keenyas hin hirʼanne ture.+ Kanaafuu, hundi keenya iyyuu maallaqicha deebisuu barbaanna. 22 Ammas midhaan bitachuuf maallaqa dabalataa fidneerra. Maallaqa keenya karaciitii keenya keessa kan kaaʼe eenyu akka taʼe hin beeknu.”+ 23 Innis, “Rakkina hin qabu. Hin sodaatinaa. Waaqni keessanii fi Waaqni abbaa keessanii maallaqa karaciitii keessan keessa kaaʼeera. Maallaqni keessan na gaʼee ture.” Sana booda Simiʼooniin gara isaaniitti fide.+
24 Achiis namichi gara mana Yoseefitti isaan geessee miila isaanii akka dhiqataniif bishaan isaaniif ni kenne; harroota isaaniitiifis gafara ni kenne. 25 Isaan achitti nyaata nyaachuuf akka jedhan waan dhagaʼaniif,+ kennaa+ yeroo Yoseef saʼaatii laaqanaatti dhufu isaaf kennan sana ni qopheessan. 26 Yoseef yeroo gara manaatti seenuttis, kennaa isaanii fuudhanii manichatti seenuudhaan isaaf dhiheessan; adda isaaniitiinis gombifamanii isaaf sagadan.+ 27 Sana booda inni waaʼee nageenya isaanii isaan gaafate; achiis, “Abbaan keessan inni maanguddoon isin waaʼee isaa dubbattan sun akkami? Amma iyyuu lubbuudhaan jiraa?” isaaniin jedhe.+ 28 Yeroo kanatti isaan, “Tajaajilaa kee kan taʼe abbaan keenya fayyaa isaa ti. Amma iyyuu lubbuudhaan jira” isaan jedhan. Achiis gombifamanii isaaf sagadan.+
29 Ol jedhee obboleessa isaa Biiniyaam isa ilma haadha isaa+ taʼe sana ilaalee, “Kun obboleessa keessan isa quxisuu isa waaʼee isaa natti himtan sanaa?” isaaniin jedhe.+ Itti dabaluudhaanis, “Yaa ilma koo, Waaqayyo gaarummaa isaa sitti haa argisiisu” jedhe. 30 Achiis Yoseef obboleessa isaatiin kan kaʼe miira isaa toʼachuu waan dadhabeef, hatattamaan gad baʼee bakka itti booʼu barbaaddate. Gara kutaa isa keessaatti seenees achitti booʼe.+ 31 Sana booda fuula isaa dhiqatee gad baʼe; miira isaa toʼatees, “Nyaata dhiheessaa!” jedhe. 32 Isaanis isaaf kophaatti, isaaniifis kophaatti dhiheessan; namoonni Gibxii isaa wajjin turanis kophaatti nyaatan; sababiin isaas, warri Gibxii Ibrootaa wajjin nyaata nyaachuu akka waan jibbisiisaa taʼeetti waan ilaalaniif isaanii wajjin hin nyaatan turan.+
33 Obbolaan sunis* inni angafaa akka mirga angafummaa+ isaatti, inni quxisuunis akka xinnummaa isaatti isa dura taaʼan; ajaaʼibsiifannaadhaanis wal ilaalu turan. 34 Innis maaddii isaa irraa gara maaddii isaaniitti nyaata ni erga ture; gaʼee Biiniyaam garuu gaʼee warra kaanii hundumaa caalaa dachaa shaniin ni dabale.+ Akka kanaan isaan hamma quufanitti isaa wajjin ni nyaatan, ni dhuganis.
44 Boodas Yoseef namicha ajajaa mana isaa taʼe sanaan akkana jedhe: “Namoota kanaaf hamma isaan baachuu dandaʼan karaciitii isaaniitti midhaan guuti; maallaqa tokkoon tokkoon isaaniis afaan karaciitii isaanii keessa kaaʼi.+ 2 Xoofoo koo isa meetii irraa tolfame sana garuu maallaqa midhaan ittiin bitatee wajjin afaan karaciitii obboleessa isaanii isa quxisuu keessa kaaʼi.” Innis akkuma Yoseef isa ajaje godhe.
3 Ganama yommuu lafti bariʼus isaan namoota sana harroota isaanii wajjin geggeessan. 4 Isaan utuu magaalattii irraa fagaatanii hin deemin, Yoseef namicha ajajaa mana isaa taʼe sanaan akkana jedhe: “Kaʼi! Namoota sana duukaa buʼi! Yommuu isaan dhaqqabdus akkana isaaniin jedhi: ‘Wanta gaarii isiniif godhameef, hamaa kan deebistan maaliifi? 5 Kun xoofoo gooftaan koo ittiin dhuguu fi akka gaariitti milkii ilaaluuf itti fayyadamu mitii? Wanti gootan kun hammina dha.’”
6 Akka kanaan inni isaan dhaqqabee wanta kana isaanitti dubbate. 7 Isaan garuu akkana isaan jedhan: “Gooftaan keenya akkana kan jedhu maaliifi? Tajaajiltoonni kee wanta akkanaa akka godhan yaaduun wanta hin taane dha. 8 Nuti maallaqa afaan karaciitii keenyaa keessatti arganne biyya Kanaʼaanii iyyuu deebisnee sii fidneerra.+ Maarree, akkamitti mana gooftaa keetii meetii yookiin warqii hatuu dandeenya? 9 Wanti kun garboota kee keessaa isa tokko biratti yoo argame namni sun haa ajjeefamu; warri hafnes gooftaa keenyaaf garboota haa taanu.” 10 Kanaafuu inni, “Akkuma isin jettan haa taʼu; namni wanti kun biratti argame garbicha koo taʼa; warri kaan garuu bilisa taatu” isaaniin jedhe. 11 Yeroo kanatti hundi isaanii hatattamaan karaciitii isaanii lafa buusanii hiikan. 12 Innis isa angafaa irraa jalqabee hamma isa quxisuutti of eeggannoodhaan karaciitii isaanii sakattaʼe. Dhuma irrattis xoofoon sun karaciitii Biiniyaam keessatti argame.+
13 Achiis isaan uffata isaanii ni tarsaasan; tokkoon tokkoon isaaniis baʼaa isaanii fuudhanii harree isaanii irratti feʼanii gara magaalattiitti deebiʼan. 14 Yihudaanii+ fi obboloonni isaa gara mana Yoseefitti yommuu seenan, inni amma iyyuu achuma jira ture; isaanis isa duratti lafatti gombifaman.+ 15 Yoseefis, “Wanti isin gootan kun maali dha? Namni akka kootii akka gaariitti milkii ilaaluu akka dandaʼu hin beektanii?” isaaniin jedhe.+ 16 Yeroo kanatti Yihudaan akkana jedhee deebise: “Si gooftaa keenyaan maal jechuu dandeenya? Maal dubbachuu dandeenya? Qajeelota taʼuu keenya hoo akkamitti mirkaneessuu dandeenya? Waaqni dhugaan cubbuu garboota keetii saaxileera.+ Amma nutis taane namni xoofoon sun biratti argame gooftaa keenyaaf garboota ni taana!” 17 Inni garuu, “Akkana gochuun ana biratti wanta hin yaadamne dha! Nama xoofoon sun biratti argame sanatu garbicha koo taʼa.+ Warri haftan garuu nagaadhaan gara abbaa keessaniitti ol baʼaa” isaaniin jedhe.
18 Yeroo kanatti Yihudaan isatti dhihaatee akkana jedhe: “Yaa gooftaa koo, sin kadhadha, ati akkuma Faraʼoon waan taateef,+ maaloo ani garbichi kee wanta tokko si gooftaa kootti akkan dubbadhu naaf heyyami; ana garbicha keettis hin aarin. 19 Gooftaan koo, ‘Abbaa yookiin obboleessa qabduu?’ jedhee nu garboota isaa gaafatee ture. 20 Nutis gooftaa kootiif, ‘Abbaa maanguddoo taʼee fi obboleessa quxisuu inni dulluma keessa dhalche tokko qabna.+ Obboleessi isaa garuu duʼeera;+ ilmaan haadha isaa keessaas kan hafe isa qofa dha;+ abbaan isaa immoo isa jaallata’ jennee deebisne. 21 Achiis ati garboota keetiin, ‘Akkan isa ilaaluuf gara kootti isa fidaa’ jette.+ 22 Nuti garuu gooftaa kootiin, ‘Mucichi abbaa isaa irraa addaan baʼuu hin dandaʼu. Isa irraa yoo addaan baʼe, abbaan isaa dhugumaan ni duʼa’ jennee turre.+ 23 Atis nu garboota keetiin, ‘Obboleessi keessan inni quxisuun isinii wajjin yoo dhufe malee, isin lammata fuula koo hin argitan’ jette.+
24 “Kanaafuu, nuti gara abbaa keenyaa isa garbicha kee taʼetti deebinee, wanta gooftaan koo jedhe kana isatti himne. 25 Boodas abbaan keenya, ‘Deebiʼaa dhaqaatii midhaan xinnoo nuuf bitaa’ nuun jedhe.+ 26 Nuti garuu, ‘Gad buʼuu hin dandeenyu. Obboleessi keenya inni quxisuun nuu wajjin yoo dhaqe malee fuula namichaa ilaaluu waan hin dandeenyeef, achitti kan gad buunu inni nuu wajjin yoo dhaqe qofa dha’ isaan jenne.+ 27 Achiis garbicha kee kan taʼe abbaan koo akkana nuun jedhe: ‘Haati manaa tiyya ilmaan lama qofa akka naaf deesse isin akka gaariitti beektu.+ 28 Haa taʼu malee, inni tokko yeroo na biraa dhabametti ani, “Inni dhugumaan bineensaan ciccirameera!” nan jedhe;+ kunoo, ani hamma ammaatti isa hin argine. 29 Isa kanas ija koo duraa yoo fudhattanii fi balaa cimaan yoo isa irra gaʼe, dhugumaan harrii koo dhiphinaan+ gara Awwaalaatti*+ gad ni buustu.’
30 “Ammas mucichi nu biraa hafee gara abbaa koo isa garbicha kee taʼetti yoon deebiʼe, lubbuun isaa lubbuu mucichaatti kan maxxane waan taʼeef, 31 mucichi nuu wajjin akka hin jirre akkuma argeen ni duʼa; nuti garboonni kees dhugumaan harriin abbaa keenya isa garbicha kee taʼe sanaa gaddaan gara Awwaalaatti* akka gad buʼu goona. 32 Ani garbichi kee nageenya mucichaa ilaalchisee, ‘Gara keetti yoon isa deebisuu baadhe, bara baraaf abbaa koo duratti cubbamaa nan taʼa’ jedhee abbaa kootiif waadaa galeera.+ 33 Kanaafuu, amma mucichi obboloota isaa wajjin akka deebiʼuuf, maaloo, ani garbichi kee si biratti hafee bakka mucichaa gooftaa kootiif garbicha nan taʼa. 34 Mucicha utuun hin fudhatin akkamittan gara abbaa kootti deebiʼa? Ani dhiphinni kun yommuu abbaa koo irra gaʼu ilaaluu hin dandaʼu!”
45 Yeroo kanatti Yoseef tajaajiltoota isaa hundumaa duratti miira isaa toʼachuu dadhabe.+ Kanaafuu, “Nama hunda na biraa baasaa!” jedhee iyye. Yoseef yeroo obboloota isaatti eenyummaa isaa beeksisetti namni kan biraan isa bira hin turre.+
2 Achiis, inni hamma warra Gibxii birattii fi mana Faraʼoonitti dhagaʼamutti sagalee isaa ol kaasee booʼuu jalqabe. 3 Dhuma irratti Yoseef obboloota isaatiin, “Ani Yoseefi. Abbaan koo amma iyyuu lubbuudhaan jiraa?” jedhe. Obboloonni isaa garuu sababii isaatiin waan naʼaniif, homaa isaaf deebisuu hin dandeenye. 4 Kanaafuu Yoseef obboloota isaatiin, “Maaloo, natti siqaa” jedhe. Isaanis isatti siqan.
Achiis akkana isaaniin jedhe: “Ani obboleessa keessan Yoseef isa isin biyya Gibxiitti gurgurtan sana dha.+ 5 Haa taʼu malee, Waaqayyo lubbuu oolchuuf isin dura waan na ergeef,+ amma asitti na gurguruu keessanitti hin gaddinaa, walis hin komatinaa. 6 Beelichi lafa irratti erga buʼee kun waggaa lammaffaa isaa ti;+ kana booda waggoonni itti hin qotamnee fi midhaan itti hin haamamne shan ni hafu. 7 Garuu Waaqayyo lafa irratti* hambaa isiniif hambisuu+ fi fayyina guddaadhaan lubbuu keessan tursuuf isin dura na ergeera. 8 Kanaafuu, Faraʼooniif gorsaa ol aanaa,* guutummaa mana isaa irratti gooftaa, akkasumas guutummaa biyya Gibxii irratti bulchaa godhee na muuduuf+ Waaqa dhugaatu asitti na erge malee isin miti.
9 “Hatattamaan gara abbaa kootti deebiʼaatii akkana isaan jedhaa: ‘Yoseef ilmi kee akkana jedha: “Waaqayyo guutummaa biyya Gibxii irratti gooftaa godhee na muudeera.+ Utuu hin turin gara kootti gad buʼi.+ 10 Ati, ijoolleen kee, ijoolleen ijoollee keetii, bushaayeewwan kee, horiiwwan kee fi wanti ati qabdu hundi biyya Gooshen isa natti dhihoo jiru keessa jiraadhaa.+ 11 Kana booda waggoonni beelaa shan waan hafaniif, ani achitti midhaan siifan kenna.+ Taʼuu baannaan garuu, atii fi maatiin kee ni hiyyoomtu; wanti ati qabdu hundis ni bada.”’ 12 Kan isinitti dubbachaa jiru dhuguma ana taʼuu kootiif,+ isinis taatan obboleessi koo Biiniyaam ijuma keessaniin argitaniittu. 13 Kanaafuu, waaʼee ulfina ani biyya Gibxii keessatti qabu hundumaa fi wanta argitan hundumaa abbaa kootti himaa. Amma dafaatii abbaa koo fidaa kottaa.”
14 Achiis inni obboleessa isaa Biiniyaamiin hammatee* booʼe; Biiniyaamis morma isaatti maramee booʼe.+ 15 Achiis obboloota isaa hundumaa dhungatee isaanitti maramee booʼe; sana booda obboloonni isaa isaa wajjin haasaʼan.
16 Oduun, “Obboloonni Yoseef dhufaniiru!” jedhu mana Faraʼoonitti dhagaʼame. Faraʼoonii fi tajaajiltoonni isaas kanatti ni gammadan. 17 Kanaafuu, Faraʼoon Yoseefiin akkana jedhe: “Akkana jedhii obboloota keetti himi: ‘Akkana godhaa: Horiiwwan feʼumsaa keessan feʼadhaatii gara biyya Kanaʼaan dhaqaa; 18 abbaa keessanii fi maatiiwwan keessan fuudhaatii as gara koo kottaa. Ani wantoota gaggaarii biyya Gibxii isiniif nan kenna; isinis wanta kutaa biyyattii isa hunda irra caalu* irraa argamu ni nyaattu.’*+ 19 Akkana akka isaaniin jettus ajajamteetta:+ ‘Akkana godhaa: Ijoollee keessanii fi haadhotii manaa keessaniif biyya Gibxiitii gaariiwwan fudhadhaa;+ abbaa keessanis gaariiwwan kana keessaa isa tokko yaabbachiisaatii fidaa kottaa.+ 20 Wantoota guutummaa biyya Gibxii keessaa argaman keessaa inni hunda irra caalu kan keessan waan taʼeef, waaʼee qabeenya keessanii hin yaaddaʼinaa.’”+
21 Ilmaan Israaʼelis akkuma jedhaman ni godhan; Yoseefis akkuma Faraʼoon ajajetti gaariiwwan isaaniif ni kenne; daandii isaaniitiifis galaa isaaniif ni kenne. 22 Tokkoon tokkoon isaaniitiif uffata lama lama ni kenne; Biiniyaamiif garuu meetii sheeqilii* 300 fi uffata shan ni kenne.+ 23 Abbaa isaatiifis, harroota wantoonni gaggaariin biyya Gibxiitii argaman irratti feʼaman kudhan, akkasumas harroota dhaltuu midhaan, daabboonii fi wantoonni abbaa isaatiif karaadhaaf galaa taʼan irratti feʼaman kudhan ni erge. 24 Obboloota isaas ni geggeesse; yeroo isaan karaa jalqabanittis, “Karaa irratti akka wal hin lolle” isaaniin jedhe.+
25 Achiis biyya Gibxiitii baʼanii gara biyya Kanaʼaan gara abbaa isaanii Yaaqoob ni dhufan. 26 Sana booda, “Yoseef amma iyyuu lubbuudhaan jira; inni guutummaa biyya Gibxii irratti bulchaa taʼeera!”+ jedhanii isatti himan. Inni garuu isaan amanuu waan hin dandeenyeef naasuudhaan hadoodee hafe.+ 27 Wanta Yoseef isaaniin jedhe hundumaa yommuu isatti himanii fi gaariiwwan akka isa fidaniif Yoseef erge sana yommuu argu, hafuurri abbaa isaanii Yaaqoob ni haarome. 28 Israaʼelis, “Amma amaneera! Ilmi koo Yoseef amma iyyuu lubbuudhaan jira! Anis duʼuu koo dura dhaqee isa ilaaluun qaba!” jedhe.+
46 Kanaafuu, Israaʼel wanta qabu* hundumaa fudhatee achii ni deeme. Yommuu Ber Sheebaa+ gaʼus Waaqa abbaa isaa Yisihaaqiif+ aarsaawwan ni dhiheesse. 2 Achiis Waaqayyo halkan Israaʼelitti mulʼatee, “Yaaqoob, Yaaqoob!” jedhee isa waame; innis, “Kunoo asan jira!” jedhee deebise. 3 Waaqayyos akkana isaan jedhe: “Ani Waaqa dhugaa isa Waaqa abbaa keetii taʼe sana dha.+ Achitti saba guddaa waanan si godhuuf, gara Gibxiitti gad buʼuu hin sodaatin.+ 4 Anumti sii wajjin gara Gibxiitti gad nan buʼa; anumti achii deebisee sin fida;+ Yoseefis ija kee harka isaatiin walitti deebisa.”*+
5 Sana booda Yaaqoob Ber Sheebaadhaa ni baʼe; ilmaan Israaʼelis gaariiwwan warra Faraʼoon akka ittiin isa fidaniif erge sanaan abbaa isaanii Yaaqoobiin, ijoollee isaanii fi haadhotii manaa isaanii ni fidan. 6 Horiiwwanii fi miʼawwan isaanii warra biyya Kanaʼaanitti walitti qabatanii turanis ni fudhatan. Akka kanaan Yaaqoobii fi maatiin isaa warri isaa wajjin turan hundi gara Gibxiitti dhufan. 7 Inni ilmaan isaa, ilmaan ijoollee isaa, ijoollee durbaa isaa, ijoollee durbaa ijoollee isaa, walumaa galatti guutummaa maatii isaa gara Gibxiitti fidee dhufe.
8 Maqaan ilmaan Israaʼel, jechuunis ilmaan Yaaqoob warra gara Gibxii dhufanii kana dha:+ Ilmi angafaa Yaaqoob Ruuben+ ture.
9 Ilmaan Ruuben Hanook, Paaluu, Hesroonii fi Kaarmii turan.+
10 Ilmaan Simiʼoon+ Yemuʼel, Yaamiin, Ohaad, Yaakiin, Zohaarii fi Shaawul+ isa dubartii Kanaʼaan irraa dhalate sana turan.
11 Ilmaan Leewwii,+ Geershon, Qehaatii fi Meraarii turan.+
12 Ilmaan Yihudaa,+ Eer, Onaan, Sheelaa,+ Faaresii+ fi Zeeraa+ turan. Haa taʼu malee, Eerii fi Onaan biyya Kanaʼaan keessatti duʼan.+
Ilmaan Faares, Hesroonii fi Hamuul turan.+
13 Ilmaan Yisaakor, Tolaa, Puuwaa, Yoobii fi Shimroon turan.+
14 Ilmaan Zaabiloon,+ Sereed, Eloonii fi Yaahliʼel turan.+
15 Intala isaa Diinaa+ dabalatee kanneen kun ilmaan Liyaan Phaadaan Aaraam keessatti Yaaqoobiif deesse dha. Ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa isaa* walumaa galatti 33 turan.
16 Ilmaan Gaad,+ Zifiyoon, Haagii, Shuunii, Ezboon, Eerii, Aroodii fi Arʼelii turan.+
17 Ilmaan Asheer,+ Yimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Beriʼaa turan; obboleettiin isaanii immoo Seeraa turte.
Ilmaan Beriʼaa, Hebeerii fi Maalkiʼel turan.+
18 Kanneen kun ilmaan Zilfaa+ ishii Laabaan intala isaa Liyaadhaaf kenne sanaa turan. Ishiin kanneen kana Yaaqoobiif ni deesse; isaan walumaa galatti namoota* 16 turan.
19 Ilmaan Raahel haadha manaa Yaaqoob Yoseefii+ fi Biiniyaam+ turan.
20 Yoseef biyya Gibxii keessatti intala Phoxiferaa isa luba Oon* taʼe sanaa kan taate Asenaat+ irraa Minaasee+ fi Efreemiin+ dhalche.
21 Ilmaan Biiniyaam,+ Beelaa, Bekeer, Ashbeel, Geeraa,+ Naʼamaan, Eehii, Roosh, Muuphiim, Hufiimii+ fi Ardii+ turan.
22 Kanneen kun ilmaan Raahel Yaaqoobiif deesse dha; isaan walumaa galatti namoota* 14 turan.
23 Ilmi* Daan,+ Hushiim+ ture.
24 Ilmaan Niftaalem,+ Yaahziʼel, Guunii, Yezeerii fi Shiilem+ turan.
25 Kanneen kun ilmaan Biilhaa ishii Laabaan intala isaa Raaheliif kenne sanaa turan. Ishiin Yaaqoobiif kanneen kana ni deesse; isaan walumaa galatti namoota* torba turan.
26 Haadhotii manaa ilmaan Yaaqoob utuu hin dabalatin, namoonni* sanyii Yaaqoob taʼanii fi isaa wajjin Gibxiitti galan walumaa galatti 66 turan.+ 27 Ilmaan Yoseef warri inni Gibxii keessatti dhalche lama* turan. Maatiin Yaaqoob warri biyya Gibxiitti galan walumaa galatti namoota* 70 turan.+
28 Yaaqoob gara Gooshen dhufaa akka jiru Yoseefitti akka himuuf dursee Yihudaa erge.+ Yommuu isaan biyya Gooshen+ gaʼanittis, 29 Yoseef gaarii fardaa isaa akka isaaf qopheessan godhee abbaa isaa Israaʼeliin simachuuf Gooshenitti ol baʼe. Yommuu isa argatus yeruma sana isa hammatee* yeroo dheeraadhaaf booʼe.* 30 Achiis Israaʼel Yoseefiin, “Ani amma yoon duʼe iyyuu homaa miti; kunoo ija kee argeera; ati amma iyyuu lubbuudhaan akka jirtu beekeera” jedhe.
31 Achiis Yoseef obboloota isaa fi maatii abbaa isaatiin akkana jedhe: “Ani ol baʼeen akkana jedhee Faraʼoonitti+ hima: ‘Obboloonni koo fi maatiin abbaa kootii warri biyya Kanaʼaan keessa turan as gara koo dhufaniiru.+ 32 Isaan tiksitootaa+ fi warra horii horsiisani+ dha; bushaayee isaanii, horiiwwan isaanii fi wanta qaban hundumaa fidanii dhufaniiru.’+ 33 Faraʼoon isin waamee, ‘Hojiin keessan maali dha?’ jedhee yoo isin gaafate, 34 ‘Nuti tajaajiltoonni kee fi abbootiin keenya ijoollummaa keenyaa jalqabee hamma harʼaatti horii horsiisna’ jedhaatii isaaf deebisaa;+ namni hoolaa tiksu kam iyyuu warra Gibxii biratti jibbamaa waan taʼeef,+ biyya Gooshen keessa akka jiraattan+ isiniif heyyama taʼa.”
47 Kanaafuu Yoseef deemee, “Abbaan koo, obboloonni koo, bushaayeewwan isaanii, horiiwwan isaanii fi wanti isaan qaban hundi biyya Kanaʼaanii dhufanii amma biyya Gooshen keessatti argamu”+ jedhee Faraʼoonitti hime.+ 2 Achiis obboloota isaa keessaa shan fuudhee Faraʼoon duratti dhiheesse.+
3 Faraʼoonis obboloota Yoseefiin, “Hojiin keessan maali dha?” jedhee gaafate. Isaanis, “Nuti tajaajiltoonni kees taane abbootiin keenya tiksee hoolotaa ti” jedhanii isaaf deebisan.+ 4 Achiis Faraʼooniin akkana jedhan: “Biyya Kanaʼaan keessatti beelli akka malee hammaachuu isaatiin kan kaʼe,+ nuti tajaajiltoonni kee bakka bushaayee keenya itti dheechifannu waan dhabneef, namoota biyya ormaa taanee biyyattii keessa jiraachuuf dhufneerra.+ Kanaafuu, maaloo nuti tajaajiltoonni kee biyya Gooshen keessa akka jiraannu nuuf heyyami.”+ 5 Yeroo kanatti Faraʼoon Yoseefiin akkana jedhe: “Kunoo, abbaan kee fi obboloonni kee gara kee dhufaniiru. 6 Biyyi Gibxii si harka jira. Abbaan kee fi obboloonni kee kutaa biyyattii isa hundumaa caalaa gaarii taʼe keessa akka jiraatan godhi.+ Isaan biyya Gooshen keessa haa jiraatan; isaan gidduudhaa namoota gaʼumsa qaban kan beektu yoo taʼe, horii koo irratti itti gaafatamtoota isaan godhi.”
7 Achiis Yoseef Yaaqoobiin fidee Faraʼoon duratti dhiheesse; Yaaqoobis Faraʼooniin ni eebbise. 8 Faraʼoonis, “Umuriin kee meeqa?” jedhee Yaaqoobiin gaafate. 9 Yaaqoobis, “Waggoonni ani jooraa* itti jiraadhe 130 dha. Barri jireenya kootii xinnoo fi dhiphinaan kan guutame yeroo taʼu,+ hamma bara jireenyaa abbootiin koo jooraa* itti jiraatan sanaa hin dheeratu” jedhee Faraʼooniif deebise.+ 10 Sana booda Yaaqoob Faraʼooniin eebbisee isa biraa baʼee deeme.
11 Kanaafuu, Yoseef abbaan isaa fi obboloonni isaa biyya Gibxii keessa akka jiraatan godhe; inni akkuma Faraʼoon ajajetti kutaa biyyattii isa hundumaa irra caalu keessatti, jechuunis biyya Raamsees*+ keessatti dhaala isaaniif ni kenne. 12 Achiis Yoseef, abbaa isaatiif, obboloota isaatii fi guutummaa maatii abbaa isaatiif akka lakkoofsa ijoollee isaaniitti midhaan* ni kenna ture.
13 Beelichi baayʼee hammaatee waan tureef, guutummaa naannoo sanaa keessa midhaan* hin jiru ture; biyyi Gibxii fi biyyi Kanaʼaanis sababii beelichaatiin baayʼee hubamanii turan.+ 14 Yoseef maallaqa namoonni midhaan bitachuuf kaffalan isa biyya Gibxii fi biyya Kanaʼaan keessatti argamu hundumaa walitti qaba ture;+ maallaqichas gara mana Faraʼoonitti galcha ture. 15 Yeroo booda maallaqni biyya Gibxii fi biyya Kanaʼaan keessa jiru ni dhume; namoonni Gibxii hundis gara Yoseef dhufanii, “Midhaan nuu kenni! Maallaqni keenya dhumuu isaatiin kan kaʼe utuma ijji kee arguu maaliif duuna?” isaan jedhan. 16 Yoseefis deebisee, “Maallaqni keessan yoo dhume, horii keessan fidaa; anis bakka horii keessanii midhaan isiniif nan kenna” isaaniin jedhe. 17 Kanaafuu, isaan horii isaanii gara Yoseefitti fiduu jalqaban; Yoseefis bakka fardeen, bushaayee, loonii fi harroota isaanii midhaan isaaniif ni kenna ture; waggaa sanatti bakka horii isaanii hundumaa midhaan isaaniif ni kenne.
18 Waggaan sun xumuramee waggaan itti aanu yeroo jalqabutti isaan gara isaa dhufanii akkana isaan jedhan: “Maallaqni keenyaa fi beeladoonni keenya gooftaa keenyaaf akka kenname gooftaa keenya jalaa dhoksuu hin dandeenyu. Numaa fi lafa keenya malee amma wanti gooftaa keenyaaf kennuu dandeenyu tokko illee hin jiru. 19 Nuti ijji kee utuu arguu maaliif duuna? Lafti keenya hoo maaliif utuu hin qotamin hafa. Nuu fi lafa keenya midhaaniin bitadhu; nutis lafuma keenyaa wajjin Faraʼooniif garboota ni taana. Duʼa irraa oollee akka jiraannuuf, lafti keenyas utuu hin qotamin akka hin hafneef sanyii nuuf kenni.” 20 Achiis Yoseef lafa warra Gibxii hundumaa Faraʼooniif ni bite; sababiin isaas, beelichi akka malee hammaachuu isaatiin kan kaʼe namoonni Gibxii hundi maasii isaanii gurguranii turan; akka kanaan lafichi kan Faraʼoon ni taʼe.
21 Achiis daangaa naannoo Gibxii isa tokkoo hamma daangaa isa kaaniitti sabichi gara magaalotaatti akka galu ni godhe.+ 22 Inni utuu hin bitin kan dhiise lafa lubootaa qofa ture;+ sababiin isaas, lubootaaf soorata kan kennu Faraʼoon waan tureef, soorata Faraʼoon isaaniif kennuun jiraatu turan. Isaan lafa isaanii kan hin gurgurre kanaafi. 23 Achiis Yoseef sabichaan akkana jedhe: “Kunoo, ani harʼa isiniinis taʼe lafa keessan Faraʼooniif biteera. Sanyii kana fudhadhaatii laficha irratti facaasaa. 24 Oomisha isaa irraas harka shan keessaa harka tokko Faraʼooniif kennaa;+ harki afur garuu sanyii maasicha irratti facaafamu akka taʼuuf, akkasumas isiniif, namoota mana keessan keessa jiranii fi ijoollee keessaniif nyaata akka taʼuuf kan keessan ni taʼa.” 25 Yeroo kanatti isaan, “Ati lubbuu keenya nuuf oolchiteetta.+ Si gooftaa keenya duratti fudhatama haa argannu; nutis Faraʼooniif garboota ni taana” jedhan.+ 26 Achiis Yoseef harka shan keessaa harki tokko Faraʼooniif akka kennamu labsii baase; labsiin kunis biyya Gibxii keessatti hamma harʼaatti itti hojjetama. Lafti kan Faraʼoon utuu hin taʼin hafe kan lubootaa qofa ture.+
27 Israaʼelis biyya Gibxii keessa, biyya Gooshen keessa jiraachuu isaa itti fufe;+ isaan achi keessa ni jiraatan; ni horan; akka malees ni baayʼatan.+ 28 Yaaqoobis waggaa 17f biyya Gibxii keessa jiraate; barri jireenyaa Yaaqoobis waggaa 147 ni taʼe.+
29 Israaʼel yeroon itti duʼu yommuu gaʼetti,+ ilma isaa Yoseefiin waamee akkana isaan jedhe: “Amma ani si duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, maaloo, harka kee gudeeda koo jala kaaʼi; jaalala amanamaa fi amanamummaas natti argisiisi. Maaloo, biyya Gibxii keessatti na hin awwaalin.+ 30 Yeroon duʼu* biyya Gibxii keessaa na baasiitii awwaala abbootii koo keessatti na awwaali.”+ Innis, “Akkuma ati jette nan godha” isaan jedhe. 31 Achiis inni, “Naaf kakadhu” isaan jedhe. Yoseefis isaaf kakate.+ Yeroo kanatti Israaʼel mataa siree isaa duratti ni sagade.+
48 Wantoota kana booda Yoseef, “Kunoo, abbaan kee dadhabaa jira” jedhamee itti himame. Yeroo kanatti ilmaan isaa lamaan Minaasee fi Efreemiin fudhatee gara abbaa isaa dhaqe.+ 2 Yaaqoobis, “Kunoo, ilmi kee Yoseef gara kee dhufeera” jedhamee itti himame. Kanaafuu, Israaʼel jajjabaatee ol jedhee siree isaa irra taaʼe. 3 Achiis Yaaqoob Yoseefiin akkana jedhe:
“Waaqni Hundumaa Dandaʼu biyya Kanaʼaan keessatti Luuzitti natti mulʼatee na eebbise.+ 4 Inni, ‘Ani akka hortu gochaan jira; hedduus sin godha; gumii sabootaa akka taatu nan godha;+ lafa kanas sanyii kee warra si booda dhufaniif dhaala dhaabbataa godhee nan kenna’ naan jedhe.+ 5 Amma ilmaan kee warri ani gara Gibxii gara keetti dhufuu koo dura biyya Gibxii keessatti siif dhalatan kan koo ti.+ Akkuma Ruubenii fi Simiʼoon kan koo taʼan, Efreemii fi Minaaseenis kan koo ni taʼu.+ 6 Ijoolleen isaanitti aansee siif dhalatan garuu kan kee ni taʼu. Isaan dhaala+ isaanii keessatti maqaa obboloota isaaniitiin ni waamamu. 7 Yeroo ani Phaadaanii dhufaa turetti, Efraataa gaʼuu koo dura karaa dheeraan utuu nu hafee jiruu Raahel biyya Kanaʼaan keessatti ana biratti duute.+ Anis karaa gara Efraataa,+ jechuunis gara Beetaliheemitti+ geessu irratti ishii nan awwaale.”
8 Achiis Israaʼel ilmaan Yoseef ilaalee, “Ijoolleen kun eenyu faʼi?” jedhee isa gaafate. 9 Yoseefis, “Isaan ijoollee koo warra Waaqayyo biyya kana keessatti naaf kenne dha”+ jedhee abbaa isaatiif deebise. Yeroo kanatti inni, “Maaloo, akkan isaan eebbisuuf natti isaan fidi”+ isaan jedhe. 10 Israaʼelis dullumaan kan kaʼe ijji isaa waan dadhabeef arguu hin dandeenye. Kanaafuu, Yoseef gara isaatti isaan siqse; achiis isaan dhungate; isaan hammates. 11 Israaʼelis Yoseefiin, “Ani matumaa ija kee nan arga jedhee hin yaanne;+ Waaqayyo garuu kunoo sanyii kees akkan argu na godheera” jedhe. 12 Yoseefis jilba Israaʼel biraa erga isaan kaasee booda lafatti gombifamee sagade.
13 Achiis Yoseef lamaan isaanii fuudhee, Efreemiin+ gara harka mirgaa isaatiin Israaʼel irraa gara bitaa akka taʼu godhee, Minaasee+ immoo gara harka bitaa isaatiin Israaʼel irraa gara mirgaa akka taʼu godhee abbaa isaatti isaan dhiheesse. 14 Haa taʼu malee, Efreem quxisuu yoo taʼe iyyuu Israaʼel harka isaa mirgaa diriirsee mataa isaa irra kaaʼe; harka isaa isa bitaa immoo mataa Minaasee irra kaaʼe. Minaaseen angafa+ yoo taʼe iyyuu, inni taʼe jedhee harka isaa akkasitti isaan irra kaaʼe. 15 Achiis akkana jedhee Yoseefiin eebbise:+
“Waaqni dhugaan inni abbootiin koo Abrahaamii fi Yisihaaq isa duratti deddeebiʼan,+
Waaqni dhugaan inni umurii koo guutuu hamma harʼaatti na tiksaa jiru,+
16 Maleekaan inni rakkina hundumaa keessaa na baase+ sun ilmaan kana haa eebbisu.+
Isaanis maqaa kootiin, maqaa abbootii koo Abrahaamii fi Yisihaaqiin haa waamaman;
Lafa irrattis lakkoofsi isaanii dabalaa haa deemu.”+
17 Yoseefis abbaan isaa harka isaa mirgaa mataa Efreem irra akkuma kaaʼetti akka jiru yommuu argu ni gadde; kanaafuu, harka abbaa isaa mataa Efreem irraa fuudhee mataa Minaasee irra kaaʼuuf yaalii godhe. 18 Yoseef abbaa isaatiin, “Yaa abbaa koo, angafni+ isa kana waan taʼeef, akkana taʼuu hin qabu. Harka kee mirgaa mataa isaa irra kaaʼi” jedhe. 19 Abbaan isaa garuu didee, “Beekeera yaa ilma koo, beekeera. Innis saba ni taʼa; innis guddaa ni taʼa. Haa taʼu malee, obboleessi isaa inni quxisuun isa caalaa guddaa ni taʼa;+ sanyiin isaas sabootaa wajjin guutummaatti qixxee ni taʼa”+ isaan jedhe. 20 Kanaafuu, inni guyyaa sanatti akkana jedhee isaan eebbisuu isaa itti fufe:+
“Ilmaan Israaʼel yeroo eebbisanitti akkana jedhanii maqaa keessan haa dhaʼan:
‘Waaqayyo akka Efreemii fi akka Minaasee si haa godhu.’”
Akka kanaan inni Efreemiin Minaasee dura gochuu isaa itti fufe.
21 Achiis Israaʼel Yoseefiin akkana jedhe: “Kunoo, ani duʼuufan jedha;+ Waaqayyo garuu dhugumaan yeroo hundumaa isinii wajjin ni taʼa; gara biyya abbootii keessaniittis isin deebisa.+ 22 Ani garuu, lafa isan goraadee fi iddaa kootiin harka Amoorotaa irraa fudhadhe sana obboloota kee caalaa gaʼee* tokko siifan kenna.”
49 Achiis Yaaqoob ilmaan isaa waamee akkana isaaniin jedhe: “Wanta guyyoota dhumaatti isin mudatu akkan isinitti himuuf walitti qabamaa. 2 Isin yaa ilmaan Yaaqoob walitti qabamaatii dhagaʼaa; eeyyee, abbaa keessan Israaʼeliin dhagaʼaa.
3 “Ruuben,+ ati ilma angafaa koo ti;+ jabina koo fi firii jalqaba jabina kootii tis; ulfina guddaa fi humna guddaa qabda turte. 4 Ati akkuma bishaan jeeqamuutti of eeggataa waan hin taaneef, ol aantummaa hin qabaattu; sababiin isaas, siree abbaa keetti ol baateetta.+ Yeroo sanatti siree koo xureessiteetta.* Inni dhugumaan siree kootti ol baʼeera!
5 Simiʼoonii fi Leewwiin obbolaa dha.+ Meeshaawwan waraanaa isaan ittiin ajjeesan meeshaawwan jeequmsaa ti.+ 6 Yaa lubbuu* koo, gara gumii isaaniitti hin seenin. Yaa ulfina* koo, yaaʼii isaaniitti hin makamin; sababiin isaas, isaan aarii isaaniitiin namoota ajjeesaniiru;+ gammachuu isaaniitiifis morgaa qotiyyoo kukkutaniiru. 7 Aariin isaanii gara jabeessa waan taʼeef, kan abaarame haa taʼu; dheekkamsi isaanii hamaa waan taʼeef, kan abaarame haa taʼu.+ Yaaqoob keessatti isaan nan facaasa; Israaʼel keessattis isaan nan bittinneessa.+
8 Yaa Yihudaa,+ siin garuu obboloonni kee si jajatu.+ Harki kee morma diinota keetii irra ni taʼa.+ Ilmaan abbaa keetiis si duratti ni sagadu.+ 9 Yihudaan ilmoo leencaa ti.+ Yaa ilma koo, ati wanta adamsite irraa dhugumaan ol ni kaata. Inni akkuma leencaatti ni ripha; ni hihiixatas; inni akkuma leencaa ti; maarree isa kaasuuf eenyutu onnata? 10 Hamma Shiiloon* dhufutti,+ uleen mootii Yihudaa+ keessaa, uleen ajajaas miila isaa gidduudhaa hin baʼu; saboonnis isaaf ni ajajamu.+ 11 Inni harree isaa muka wayiniitti, ilmoo harree isaas muka wayinii filatamaa taʼetti ni hidha; uffata isaa daadhii wayiniitiin, wayyaa isaas dhiiga firii wayiniitiin ni miicca. 12 Daadhii wayinii irraan kan kaʼe ijji isaa diimaa dha; aannaniin kan kaʼes ilkaan isaa adii dha.
13 “Zaabiloon+ qarqara galaanaa, bakka dooniiwwan qofoodhaan itti dhaabbatan bira jiraata;+ daangaan isaa inni fagoonis gara kallattii Siidoon ni taʼa.+
14 “Yisaakor+ harree lafee cimaa qabu isa feʼumsa dugda isaa irra jiru lamaan gidduu ciisu dha. 15 Inni iddoon boqonnaa sun gaarii akka taʼee fi lafichi kan nama gammachiisu akka taʼe ni ilaala. Baʼaa baachuuf gateettii isaa gad ni qaba; hojii dirqamaa hojjechuufis of dhiheessa.
16 “Daan+ akkuma gosoota Israaʼel keessaa isa tokkootti saba isaatiif murtii kenna.+ 17 Daan akka bofa karaa qarqara jiruu, akka bofa gaanfa qabuu fi daandii qarqara jiruu, isa koomee fardaa hiddee abbaa fardaa sana duubatti kuffisuu haa taʼu.+ 18 Yaa Yihowaa, ani fayyina si biraa dhufu nan eeggadha.
19 “Gaad+ tuutni weerartootaa isa ni saamu; inni garuu faana dhaʼee isaan haleela.+
20 “Asheer+ nyaanni isaa baayʼee* ni taʼa; inni nyaata mootiidhaaf taʼu ni qopheessa.+
21 “Niftaalem+ gadamsa dhaltuu qaxalee taʼe dha. Inni dubbii namatti tolu dubbata.+
22 “Yoseef+ latii muka firii godhatuu ti; inni latii muka firii godhatuu isa burqaa qarqaratti argamuu fi dameen isaa dallaatti ol yaaʼuu ti. 23 Haa taʼu malee, warri xiyya darbatan isa haleelu; xiyya isaanii isatti darbatu; diinummaas isatti argisiisu.+ 24 Taʼus iddaan isaa iddoo isaatii hin sochoʼu;+ harki isaas jabaa fi saffisa kan qabu akkuma taʼetti itti fufa.+ Kunis harka humna qabeessa isa kan Yaaqoob, tiksituu sanaa fi isa dhagaa Israaʼel taʼe sana irraa kan argame dha. 25 Inni* isa Waaqa abbaa kee taʼe sana irraa kan argame dha; inni si gargaara; inni Isa Hundumaa Dandaʼuu wajjin jira; Waaqayyo eebba samii gubbaatiin, eebba gad fagootiin,+ eebba harmaa fi gadameessaatiinis si eebbisa. 26 Eebbi abbaa keetii eebba gaarota bara baraa irra, wantoota gaggaarii tulloota dhaabbataa irras ni caala.+ Eebbawwan kun mataa Yoseef irra, gonfoo mataa isa obboloota isaa irraa addaan baafame sanaa irra ni taʼu.+
27 “Biiniyaam+ akka yeeyyiitti cicciruu isaa itti fufa.+ Inni ganama wanta adamse ni nyaata; galgala immoo boojuu ni hihira.”+
28 Kanneen kun hundi gosoota Israaʼel 12ni; abbaan isaanii yeroo isaan eebbisetti wanti isaaniin jedhes kana ture. Inni eebba isaaniif malu tokkoon tokkoon isaaniitiif ni kenne.+
29 Sana booda ajaja akkana jedhu isaaniif kenne: “Ani gara saba kootti walitti qabamuufan jedha.*+ Abbootii koo wajjin holqa maasii Efroon Heetichaa keessa jiru keessatti na awwaalaa;+ 30 holqa biyya Kanaʼaan keessatti maasii Maakfelaa keessa jiruu fi Maamree fuulduratti argamu, jechuunis maasii iddoo awwaalchaa akka taʼuuf Abrahaam Efroon Heeticha irraa bite keessa jiru keessatti na awwaalaa. 31 Achitti isaan Abrahaamii fi haadha manaa isaa Saaraa awwaalaniiru.+ Yisihaaqii fi haadha manaa isaa Ribqaas achitti awwaalaniiru;+ anis achitti Liyaa awwaaleera. 32 Maasichii fi holqi achi keessatti argamu ilmaan Heet irraa kan bitame dha.”+
33 Akka kanaan Yaaqoob qajeelfama kana ilmaan isaatiif kennee xumure. Achiis miila isaa siree irratti ol baasee hafuura isaa isa dhumaa baafatee, gara saba isaatti walitti qabame.*+
50 Achiis Yoseef abbaa isaa irratti kufee isa irratti booʼe;+ isas ni dhungate. 2 Sana booda Yoseef reeffa abbaa isaa qoricha dibanii akka gogsaniif+ tajaajiltoota isaa warra ogeeyyii fayyaa taʼan ajaje. Kanaafuu, ogeeyyiin fayyaa sun reeffa Israaʼel qoricha dibanii gogsan; 3 guyyaa 40 guutuus isaaf ni ramadan; sababiin isaas, yeroon reeffa qoricha dibanii itti gogsan guyyaa hammanaa fudhata ture; warri Gibxiis guyyaa 70f isaaf booʼuu isaanii itti fufan.
4 Guyyoonni isaaf itti gaddan sun yeroo xumuramanittis, Yoseef akkana jedhee abbootii taayitaa mana mootummaa* Faraʼoonitti dubbate: “Isin duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, ergaa kana Faraʼoonitti naaf himaa: 5 ‘Abbaan koo, “Kunoo, ani duʼuufan jedha.+ Iddoo awwaalchaa+ koo isan biyya Kanaʼaan keessatti qotadhe keessatti na awwaali”+ jedhee na kakachiiseera.+ Maaloo, ol baʼeen abbaa koo awwaalladhee deebiʼa.’” 6 Faraʼoonis, “Akkuma inni si kakachiisetti,+ deemiitii abbaa kee awwaalladhu” jedhee isaaf deebise.
7 Kanaafuu, Yoseef abbaa isaa awwaaluuf ol ni baʼe; tajaajiltoonni Faraʼoon, jaarsoliin+ mana mootummaa isaa, jaarsoliin biyya Gibxii hundis isaa wajjin deeman; 8 maatiin Yoseef hundi, obboloonni isaa fi maatiin abbaa isaas isaa wajjin deeman.+ Isaan biyya Gooshen keessatti kan dhiisan ijoollee isaanii warra xixinnoo taʼan, bushaayeewwan isaanii fi horiiwwan isaanii qofa ture. 9 Gaariiwwan fardaa+ fi abbootiin fardeeniis isaa wajjin ol ni baʼan; tuutni namootaa sunis baayʼee hedduu ture. 10 Achiis oobdii Axaad isa naannoo Yordaanositti argamu bira gaʼan; achittis isaan akka malee ni gaddan; hirqinfataniis ni booʼan; innis guyyaa torbaaf abbaa isaatiif ni gadde. 11 Kanaʼaanonni warri jiraattota biyyattii taʼanis yommuu isaan oobdii Axaad biratti booʼan arganii, “Kun warra Gibxiitiif gadda guddaa dha!” jedhan. Bakki sun Abeel Mizraayim* jedhamee kan waamame kanaafi; iddoon isaas naannoo Yordaanos keessatti argama.
12 Akka kanaan, ilmaan isaa akkuma inni isaan ajajee ture isaaf godhan.+ 13 Isaan gara biyya Kanaʼaanitti isa geessanii, holqa maasii Maakfelaa isa Maamree fuulduratti argamuu fi iddoo awwaalchaa akka taʼuuf Abrahaam Efroon Heeticha irraa bite keessa jiru keessatti isa awwaalan.+ 14 Yoseef abbaa isaa erga awwaalee booda, obboloota isaa fi warra abbaa isaa awwaaluuf isaa wajjin deeman hundumaa wajjin gara Gibxiitti deebiʼe.
15 Obboloonni Yoseef, abbaan isaanii akka duʼe yommuu argan, “Tarii Yoseef haaloo nutti qabatee, hammina isa irratti raawwanne hundumaatiif wanta hamaa nuuf deebisa taʼa” jedhan.+ 16 Kanaafuu, isaan akkana jedhanii Yoseefitti dhaamsa ergan: “Abbaan kee duʼuu isaa dura ajaja akkana jedhu kennee ture: 17 ‘Yoseefiin akkana jedhaa: “Maaloo, wanta hamaa kana si irratti raawwachuudhaan balleessaa fi cubbuu obboloonni kee si irratti raawwataniif dhiifama akka isaaniif gootu sin kadhadha.”’ Ammas maaloo, balleessaa warra tajaajiltoota Waaqa abbaa keetii taʼanii isaaniif dhiisi.” Yoseefis kana yeroo dhagaʼu ni booʼe. 18 Achiis obboloonni isaa dhufanii isa duratti kufanii, “Kunoo, nuti garboota kee ti!” isaan jedhan.+ 19 Yeroo kanatti Yoseef akkana isaaniin jedhe: “Hin sodaatinaa. Ani iddoo Waaqayyoon jiraa? 20 Isin kana kan gootan na miidhuuf yoo taʼe iyyuu,+ Waaqayyo garuu akkuma harʼa gochaa jirutti wanta gaariitti jijjiireera; lubbuu namoota hedduu oolchuufis itti fayyadameera.+ 21 Kanaafuu, amma hin sodaatinaa. Ani isinii fi ijoollee keessan warra xixinnoo taʼaniif midhaan nan kenna.”+ Akka kanaan isaan jajjabeesse; karaa isaan tasgabbeessuunis isaanitti dubbate.
22 Yoseefii fi maatiin abbaa isaa Gibxii keessa jiraachuu isaanii itti fufan; Yoseefis waggaa 110 jiraate. 23 Yoseef dhaloota sadaffaa ilmaan Efreem,+ akkasumas ilmaan Maakiir+ isa ilma Minaasee taʼee ni arge. Isaan kan dhalatan jilba Yoseef irratti ture.* 24 Yeroo dheeraa boodas Yoseef obboloota isaatiin, “Ani duʼuufan jedha; Waaqayyo garuu dhugumaan xiyyeeffannaa isaa gara keessanitti ni deebisa;+ inni dhugumaan biyya kana keessaa baasee, gara biyya Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakatetti isin ni galcha” jedhe.+ 25 Kanaafuu Yoseef, “Waaqayyo dhugumaan xiyyeeffannaa isaa gara keessanitti ni deebisa. Isinis lafee koo asii fuudhaatii baʼaa” jedhee ilmaan Israaʼeliin kakachiise.+ 26 Yoseefis umurii isaa waggaa 110tti ni duʼe; isaanis reeffa isaa qoricha dibanii gogsan;+ reeffi isaas biyya Gibxiitti saanduqa reeffaa keessa ni kaaʼame.
Ykn., “duwwaa.”
Ykn., “bishaan sochoʼu.”
Ykn., “hafuurri Waaqayyoos.”
Jechuunis, goflaadhaan.
Ykn., “bineensota sochoʼanii,” ibsi kun uumamawwan lafa irra loʼanii fi gosa bineensotaa warra kaan irraa adda taʼan kan dabalatu taʼuu hin oolu.
Kal., “raayyaawwan isaanii hundi.”
Maqaan Waaqayyoo inni dhuunfaa יהוה (YHWH) jedhu yeroo jalqabaatiif kan argamu bakka kanatti dha. Kutaa Dabalataa A4 ilaali.
Jechuunis, muka gaggabaabaa gobbatee biqile.
Ykn., “hurriin.”
Ykn., “lubbuu.” Afaan Ibrootaatiin nefesh kan jedhu yeroo taʼu, kallattiidhaan, “uumama hafuura baafatu” jechuu dha. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “mataa afur.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Xegros.”
Ykn., “haadha manaa isaa wajjin ni jiraata.”
Ykn., “haxxee; abshaala.”
Ykn., “ni madeessa; ni rukuta.”
Ykn., “ni caccabsita.”
“Nama Lafaa; Nama” jechuu dha.
Kal., “daabboo.”
“Jiraattuu” jechuu dha.
Kal., “nama lubbuudhaan jiru.”
Ykn., “daʼeera.”
Kal., “fuulli isaas ni kufe.”
Ykn., “gammachuu ni argatta turte mitii?”
Kal., “humna.”
Kal., “fuula lafichaa irraa.”
Ykn., “biyya Nood.”
Ykn., “ulullee.”
“Kan Muudame; Kan Kaaʼame” jechuu dha.
Ykn., “Addaam.”
Kal., “Waaqayyichaa.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Tarii, “Boqonnaa; Jajjabina” jechuu dha.
Jechama Afaan Ibrootaa maleekota ilmaan Waaqayyoo taʼan argisiisuuf itti hojjetamu dha.
Ykn., “akka fooniitti kan deddeebiʼu.”
Tarii, “Lafaan kan Dhaʼan” jechuu dha; kunis, warra namoota kaan lafaan dhaʼan argisiisa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “ni gadde.”
Kal., “dhaloota isaa.”
Ykn., “namni.”
Kal., “saanduqa”; bidiruu guddaa.
Ykn., “reenjii.”
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Afaan Ibrootaatiin, tsohaar. Yaanni kan biraan immoo tsohaar uraa ifa galchu ykn foddaa utuu hin taʼin, bantii dhundhuma tokko gad jedhe argisiisa kan jedhu dha.
Ykn tarii, “cimdii torba torba.”
Ykn tarii, “cimdii torba torba.”
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “foon.”
Ykn., “akka hin roobne ni ittifame.”
Ykn., “makoodii; andarii.”
Ykn., “faanni ishii qubatu.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ykn., “Lafa irra akka yaaʼaniif.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “aangoo keessan jalatti.”
Ykn., “uumamni jiraataan.”
Nanawween, Rehoboot Iir, Kaalaa fi Reseen akka magaalaa guddootti ilaalamaa kan turan fakkaata.
Ykn tarii, “obboleessa angafaa Yaafeet.”
“Qoqqoodama” jechuu dha.
Ykn., “uummanni lafaa qoqqoodamee ture.”
“Burjaajaʼuu” jechuu dha.
Ykn., “maseena.”
Ykn., “ofii isaaniitiif eebba ni argatu.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “akka keessummaatti.”
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Jechuunis, Galaana Duʼaatti.
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Ykn., “Dirreen Gad Buʼaan.”
Ykn., “dunkaanota keessa.”
Kal., “obboleessi.”
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Ykn., “Lubbuuwwan.”
Kal., “sanyii.”
Kal., “ilmi.”
Kal., “Isuma si keessaa baʼutu.”
Jechuunis, midijjaan.
Ykn., “daamotiin.”
Kal., “harka ishii jalatti gad of qabi.”
“Waaqayyo ni Dhagaʼa” jechuu dha.
Namoonni tokko tokko kun harree diidaa akka taʼe kan yaadan taʼus, kun harree bosonaa Ingiliffaan oonaagar jedhamu kan argisiisu dha. Kunis amala ofiin of bulchuu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn tarii, “obboloota isaa hundumaa wajjin diinummaadhaan ni jiraata.”
“Boolla Bishaanii kan Isa Jiraataa Isa Na Argu Sanaa” jechuu dha.
Ykn., “balleessaa.”
“Abbaan Ol kan Jedhe Dha” jechuu dha.
“Abbaa Tuutaa; Abbaa Namoota Hedduu” jechuu dha.
Gogaa fiixee qaama hormaataa dhiiraa irra jiru argisiisa.
Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “ajjeefamuu.”
“Giiftii” jechuu dha.
Tarii, “Morkattuu” jechuu dha.
“Kolfa” jechuu dha.
Kal., “garaa keessan akka jajjabeeffattaniif.”
Kal., “safartuu siihii.” Siihiin tokko 7.33 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “Wanti dubartoota irratti taʼu Saaraa irraa addaan citee ture.”
Ykn., “gante.”
Ykn., “ofii isaaniitiif eebba ni argatu.”
Ykn., “jaalala amanamaa.”
“Xinnummaa” jechuu dha.
Jechuunis, daakuu bifa keelloo qabuu fi bobaʼu.
Ykn., “nama biyya ormaa taʼee jiraachaa.”
Jechuunis, ishii wajjin hin ciisne ture.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “kunoo, kun wanta ija ittiin haguugdu.”
Ykn., “maseena.”
Ykn., “gadameessa maatii Abimelek hundumaa guutummaatti cufee.”
Ykn tarii, “anatti ni kolfa.”
Kal., “sagalee ishii.”
Tarii, “Bishaan Boollaa Kakuu; Bishaan Boollaa kan Torbaa” jechuu dha.
Kal., “guyyoota hedduu.”
Ykn., “nama biyya ormaa taʼee yeroo dheeraadhaaf ni jiraate.”
Ykn., “halbee ittiin qalan.”
Ykn., “halbee ittiin qalan.”
“Yihowaan ni Qopheessa; Yihowaan ni Arga” jechuu dha.
Ykn., “magaalota.”
Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.
Ykn tarii, “ajajaa guddaa.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “okkotee.”
Jechuunis, gongaa.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Jechuunis, faaya harkaa.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Jechuunis, nyaata horii.
Tarii, Laabaaniin kan argisiisu dha.
Kal., “harka mirgaatti ykn harka bitaatti akkan goruuf.”
Ykn., “hamaa ykn gaarii sitti dubbachuu.”
Jechuunis, guddiftuu ishii ishii yeroo ammaatti tajaajiltuu ishii taate.
Ykn., “haadha kuma kumaatamaa.”
Ykn., “magaalota.”
Kun jechama duʼa argisiisuuf oolu dha.
Ykn., “buufatawwan dallaa dhagaa.”
Kun jechama duʼa argisiisuuf oolu dha.
Ykn tarii, “obboloota isaa hundumaa wajjin diinummaadhaan ni jiraate.”
Ykn., “maseena.”
“Dabbasaawaa” jechuu dha.
“Isa Koomee Qabatu; Bakka kan Buʼu” jechuu dha.
Ykn., “beelaʼeef.”
Kal., “diimicha, diimicha kana.”
Ykn., “gurshaa tokko.”
“Diimaa” jechuu dha.
Ykn., “Ribqaa yommuu hammatu.”
Ykn., “laga gogaa.”
Ykn., “laga gogaa.”
“Morkii” jechuu dha.
“Himata” jechuu dha.
“Iddoowwan Babalʼaa” jechuu dha.
Kal., “hafuura Yisihaaqii fi Ribqaa ni hadheessan.”
Ykn., “lubbuun koo si eebbisti.”
Jechuunis, ilmoolee reʼee.
Ykn., “lubbuun kee na haa eebbistu.”
Ykn., “lubbuun koo si eebbisti.”
Ykn., “lubbuun kee na haa eebbistu.”
“Isa Koomee Qabatu; Bakka kan Buʼu” jechuu dha.
Jechuunis, harqoota, qambara.
Ykn., “Guyyaan gaddaa abbaa kootii dhihaateera.”
Ykn., “akka si ajjeesu yaaduudhaan of jajjabeessaa jira.”
Ykn., “yaabbannoon.”
Ykn., “ofii isaaniitiif eebba ni argatu.”
“Mana Waaqayyoo” jechuu dha.
Kal., “obboleessa.”
Ykn., “fira dhiigaa koo ti.”
Kal., “obboleessa.”
Kal., “jibbamte.”
Kal., “gadameessa ishii bane.”
Ykn., “maseena.”
“Kunoo, Ilma!” jechuu dha.
“Dhagaʼuu” jechuu dha.
“Maxxanuu; Dhihaachuu” jechuu dha.
“Kan Jajame; Qaama Jajamu” jechuu dha.
Ykn., “firii gadameessaa si dhowwate.”
Kal., “jilba koo irratti akka deessuu.”
“Abbaa Murtii” jechuu dha.
“Waldhaansoo Koo” jechuu dha.
“Carraa Gaarii” jechuu dha.
“Gammadaa; Gammachuu” jechuu dha.
Ragaan firiin kun dhugumaan ulfaaʼuuf akka nama gargaaru argisiisu hin jiru.
“Inni Mindaa Dha” jechuu dha.
“Obsuu” jechuu dha.
Kal., “Waaqayyo kadhannaa ishii dhagaʼee gadameessa ishii ni bane.”
Maqaan Yosiifiyaa gabaabaatti yommuu barreeffamu; “Yaah haa Dabalu (haa Baayʼisu)” jechuu dha.
Ykn., “ragaan argadhe.”
Ykn., “amanamummaa.”
Muka abaaboo adii urgaa gaarii qabu baasu.
Muka dameen isaa babalʼatuu fi qolli isaa ofuma isaatiin ququncaʼu.
Kal., “itti dibdee.”
Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”
Jechuunis, Efraaxis.
Ykn., “firoottan.”
Kal., “Isa gaariidhaa jalqabee hamma isa hamaatti Yaaqoobii wajjin akka hin dubbanne of eeggadhu.”
Kal., “ilmaan koo.”
Kooraan kun iddoo miʼa keessa kaaʼatanis kan qabu fakkaata.
Kal., “sodaan Yisihaaq.”
Jecha Afaan Aaraam hiika, “Tuullaa Ragaa” jedhu qabu.
Jecha Afaan Ibrootaa hiika, “Tuullaa Ragaa” jedhu qabu.
Kal., “sodaa abbaa isaa Yisihaaq.”
Kal., “ilmaan.”
“Buufata Lama” jechuu dha.
Kal., “dirree.”
Ykn., “nama biyya ormaa taʼee jiraadheera.”
Ykn., “sululicha; laga isa gogaa.”
“Waaqayyoo Wajjin Waldhaansoo kan Qabatu (kan Dandamatu)” ykn “Waaqayyo Waldhaansoo ni Qabata” jechuu dha.
“Fuula Waaqayyoo” jechuu dha.
Ykn., “Pheniʼel.”
Kal., “eebba.”
“Daasii; Gaaddisa” jechuu dha.
Ykn., “ilaaluuf.”
Kal., “garaa shamarree sanaatti.”
Kal., “akka xureesse.”
Ykn., “Lubbuun ilma koo Sheekem intala keessanitti baayʼee maxxanteetti.”
Kal., “waan xureesseef.”
Kal., “nama qolofa qabuuf.”
Kal., “waan xureessaniif.”
Ykn., “akka of irraa na fageessan gootaniittu.”
Ykn., “daandii irratti.”
Ykn., “ni dhokse.”
“Waaqa Beetel” jechuu dha.
“Qilxuu Booʼichaa” jechuu dha.
Kal., “mudhii kee.”
Ykn., “Utuma lubbuun ishii baʼaa jirtuu.”
“Ilma Gadda Kootii” jechuu dha.
“Ilma Harka Mirgaa” jechuu dha.
Kun jechama duʼa argisiisuuf oolu dha.
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “namoota biyya ormaa taʼanii jiraachaa.”
Kal., “sheekota.” Namni dura buʼaa gosaa taʼe “sheekii” jedhamee waamama ture.
Kal., “ilmaan Israaʼel.”
Kal., “dirree.”
Ykn., “uffata dheeraa miidhagaa taʼe.”
Jechuunis, nadoowwan ykn ladoowwan.
Ykn., “dirree gad jedhaa.”
Ykn., “harka keessan isa irratti hin kaasinaa.”
Zayitii urgaawaa biqiltootaa fi mukeetii tokko tokko irraa argamu dha.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “ni gadde.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Jechuunis, Yihudaan.
Jechuunis, soddaan.
Jechuunis, sumuda.
“Kan Diigu” jechuu dha; gadameessa diiguu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Kal., “guyyoota.”
Kal., “mataa kee ol qabee.”
Kal., “boolla bishaaniitti; boollatti.”
Kal., “morma kee si irraa kaasa.”
Kal., “mataa ol ni qabe.”
Kal., “boolla bishaaniitii; boollichaa.”
Ykn., “teessoo kanaan.”
Jechi kun kabajnii fi ulfinni akka kennamu gaafachuuf kan jedhamu taʼuu hin oolu.
Kal., “harka isaa ykn miila isaa kaasuu.”
Jechuunis, Heliyopoolis.
Ykn., “tajaajiluu jalqabetti.”
Kal., “harka guutuu.”
Jechuunis, Heliyopoolis.
“Kan Irraanfachiisu; Akka Irraanfatan kan Godhu” jechuu dha.
“Dachaa Horuu” jechuu dha.
Ykn., “haala biyyattii dadhabaa taʼe.”
Ykn., “dhiphina lubbuu isaa.”
Jechuunis, nama afaan tokko afaan kan biraatti hiiku, simaabaloon.
Ykn., “miʼawwan.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ingiliffaan, pistaachiyoo natis jedhama.
Ykn., “miʼawwan.”
Kal., “Isaan.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “biyyattii keessatti.”
Kal., “abbaa.”
Kal., “morma isaa irratti kufee.”
Ykn., “cooma biyyattii.”
Ykn., “argamuun ni jiraattu.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “warra kan isaa taʼan.”
Kun, yeroo Yaaqoob duʼutti ija isaa walitti deebisuu argisiisa.
Ykn., “Lubbuu ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaa.”
Ykn., “lubbuu.”
Jechuunis, Heliyopoolis.
Ykn., “lubbuu.”
Kal., “Ilmaan.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuu lama.”
Ykn., “lubbuu.”
Kal., “morma isaa irratti kufee.”
Ykn., “irra deddeebiʼee morma isaa irratti ni booʼe.”
Ykn., “asii fi achi deemaa; nama biyya ormaa taʼee.”
Ykn., “asii fi achi deemaa; nama biyya ormaa taʼanii.”
Raamsees koonyaa Gooshen keessatti argamtu ykn maqaa kan biraa Gooshen ittiin waamamtu taʼuu hin oolu.
Kal., “daabboo.”
Kal., “daabboon.”
Kal., “abbootii koo wajjin ciisu.”
Ykn., “randa lafaa.” Kal., “gateettii.”
Ykn., “salphisteetta.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn tarii, “yaada.”
“Isa kan Isaatii Taʼe; Isa Inni Isaaf Malu” jechuu dha.
Kal., “cooma.”
Jechuunis, Yoseef.
Kun jechama duʼa argisiisuuf oolu dha.
Kun jechama duʼa argisiisuuf oolu dha.
Ykn., “maatii.”
“Gadda Warra Gibxii” jechuu dha.
Kun akka ilmaan isaatti akka ilaalamanii fi xiyyeeffannaan addaa akka isaaniif kennamu argisiisa.