LAKKOOFSA
1 Isaan biyya Gibxii keessaa baʼanii waggaa lammaffaa isaatti, waggicha keessaas jiʼa lammaffaatti, jiʼicha keessaa immoo guyyaa jalqabaatti+ Yihowaan lafa onaa Siinaatti dunkaana walgaʼii+ keessatti Museetti ni dubbate.+ Akkana jedhe: 2 “Akka maatii maatii isaaniitti, akka manneen abbootii isaaniittii fi akka lakkoofsa maqaawwan dhiirotaa hundumaatti guutummaa yaaʼii Israaʼel* mata mataatti lakkaaʼi.+ 3 Atii fi Aaron namoota umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe+ warra raayyaa waraanaa Israaʼel keessatti tajaajiluu dandaʼan hundumaa akka garee garee* isaaniitti ni galmeessitu.
4 “Tokkoon tokkoon gosaa keessaa nama tokko fudhadhaa deemaa; tokkoon tokkoon isaaniis dura buutota manneen abbootii isaanii haa taʼan.+ 5 Maqaan namoota isinii wajjin dhaabbatanii kanneen kana dha: gosa Ruuben keessaa Elizuur+ ilma Shedeʼur, 6 gosa Simiʼoon keessaa Shelumiʼel+ ilma Zurishaadaay, 7 gosa Yihudaa keessaa Naʼaasoon+ ilma Aminaadaab, 8 gosa Yisaakor keessaa Naataaniʼel+ ilma Zuʼaar, 9 gosa Zaabiloon keessaa Eeliyaab+ ilma Heloon, 10 ilmaan Yoseef keessaa, gosa Efreem+ keessaa Elishaamaa ilma Amihuud, gosa Minaasee keessaa Gamaali’el ilma Pedaazur, 11 gosa Biiniyaam keessaa Abidaan+ ilma Giidewonii, 12 gosa Daan keessaa Ahiʼezer+ ilma Amishaadaay, 13 gosa Asheer keessaa Paagiʼel+ ilma Okraan, 14 gosa Gaad keessaa Eliyaasaaf+ ilma Dewuʼel, 15 gosa Niftaalem keessaa immoo Ahiiraa+ ilma Enaan. 16 Warri yaaʼicha keessaa waamaman kanneen kana turan. Isaan ajajjoota+ gosoota abbootii isaanii, dura buutota kumaa Israaʼeli.”+
17 Kanaafuu, Musee fi Aaron namoota maqaa dhaʼamanii filataman kana ni fudhatan. 18 Isaanis namoonni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼan+ tokkoon tokkoon isaanii maqaa maqaa isaaniitiin, maatii maatii isaaniitiinii fi manneen abbootii isaaniitiin dhuunfaatti akka galmeeffamaniif, jiʼa lammaffaatti jiʼicha keessaas guyyaa isa jalqabaatti guutummaa yaaʼichaa walitti ni qaban; 19 kanas akkuma Yihowaan Musee ajajetti ni raawwatan. Kanaafuu, inni lafa onaa Siinaa keessatti isaan ni galmeesse.+
20 Ilmaan Ruuben, warri sanyii ilma Israaʼel isa angafaa taʼan+ maqaa maqaa isaaniitiin, maatii maatii isaaniitiin, akkasumas manneen abbootii isaaniitiin ni galmeeffaman. Dhiironni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe warri raayyaa waraanaa keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundi dhuunfaatti ni lakkaaʼaman; 21 gosa Ruuben keessaa kan galmeeffaman namoota 46,500 turan.
22 Sanyiin Simiʼoon+ maqaa maqaa isaaniitiin, maatii maatii isaaniitiin, akkasumas manneen abbootii isaaniitiin ni galmeeffaman. Dhiironni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe warri raayyaa waraanaa keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundi dhuunfaatti ni lakkaaʼaman; 23 gosa Simiʼoon keessaa kan galmeeffaman namoota 59,300 turan.
24 Sanyiin Gaad+ maqaa maqaa isaaniitiin, maatii maatii isaaniitiin, akkasumas manneen abbootii isaaniitiin ni galmeeffaman. Dhiironni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe warri raayyaa waraanaa keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundi ni lakkaaʼaman; 25 gosa Gaad keessaa kan galmeeffaman namoota 45,650 turan.
26 Sanyiin Yihudaa+ maqaa maqaa isaaniitiin, maatii maatii isaaniitiin, akkasumas manneen abbootii isaaniitiin ni galmeeffaman. Dhiironni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe warri raayyaa waraanaa keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundi ni lakkaaʼaman; 27 gosa Yihudaa keessaa kan galmeeffaman namoota 74,600 turan.
28 Sanyiin Yisaakor+ maqaa maqaa isaaniitiin, maatii maatii isaaniitiin, akkasumas manneen abbootii isaaniitiin ni galmeeffaman. Dhiironni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe warri raayyaa waraanaa keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundi ni lakkaaʼaman; 29 gosa Yisaakor keessaa kan galmeeffaman namoota 54,400 turan.
30 Sanyiin Zaabiloon+ maqaa maqaa isaaniitiin, maatii maatii isaaniitiin, akkasumas manneen abbootii isaaniitiin ni galmeeffaman. Dhiironni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe warri raayyaa waraanaa keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundi ni lakkaaʼaman; 31 gosa Zaabiloon keessaa kan galmeeffaman namoota 57,400 turan.
32 Sanyiin Yoseef karaa Efreem+ argaman maqaa maqaa isaaniitiin, maatii maatii isaaniitiin, akkasumas manneen abbootii isaaniitiin ni galmeeffaman. Dhiironni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe warri raayyaa waraanaa keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundi ni lakkaaʼaman; 33 gosa Efreem keessaa kan galmeeffaman namoota 40,500 turan.
34 Sanyiin Minaasee+ maqaa maqaa isaaniitiin, maatii maatii isaaniitiin, akkasumas manneen abbootii isaaniitiin ni galmeeffaman. Dhiironni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe warri raayyaa waraanaa keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundi ni lakkaaʼaman; 35 gosa Minaasee keessaa kan galmeeffaman namoota 32,200 turan.
36 Sanyiin Biiniyaam+ maqaa maqaa isaaniitiin, maatii maatii isaaniitiin, akkasumas manneen abbootii isaaniitiin ni galmeeffaman. Dhiironni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe warri raayyaa waraanaa keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundi ni lakkaaʼaman; 37 gosa Biiniyaam keessaa kan galmeeffaman namoota 35,400 turan.
38 Sanyiin Daan+ maqaa maqaa isaaniitiin, maatii maatii isaaniitiin, akkasumas manneen abbootii isaaniitiin ni galmeeffaman. Dhiironni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe warri raayyaa waraanaa keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundi ni lakkaaʼaman; 39 gosa Daan keessaa kan galmeeffaman namoota 62,700 turan.
40 Sanyiin Asheer+ maqaa maqaa isaaniitiin, maatii maatii isaaniitiin, akkasumas manneen abbootii isaaniitiin ni galmeeffaman. Dhiironni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe warri raayyaa waraanaa keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundi ni lakkaaʼaman; 41 gosa Asheer keessaa kan galmeeffaman namoota 41,500 turan.
42 Sanyiin Niftaalem+ maqaa maqaa isaaniitiin, maatii maatii isaaniitiin, akkasumas manneen abbootii isaaniitiin ni galmeeffaman. Dhiironni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe warri raayyaa waraanaa keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundi ni lakkaaʼaman; 43 gosa Niftaalem keessaa kan galmeeffaman namoota 53,400 turan.
44 Kanneen kun Museen, Aaronii fi ajajjoonni Israaʼel 12n warri tokkoon tokkoon isaanii mana abbootii isaanii bakka buʼan galmeessani dha. 45 Israaʼelonni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe warri raayyaa waraanaa Israaʼel keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundi akka mana abbootii isaaniitti ni galmeeffaman; 46 lakkoofsi namoota galmeeffamanii walumaa galatti 603,550 ture.+
47 Leewwonni+ garuu akka gosa abbootii isaaniitti isaan gidduutti hin galmeeffamne.+ 48 Yihowaanis Museedhaan akkana jedhe: 49 “Ati gosa Leewwii qofa hin galmeessitu; lakkoofsa isaaniis lakkoofsa Israaʼelota kaaniitti hin dabalin.+ 50 Leewwota, godoo qulqulluu Dhugaa Baatuu+ irratti, miʼawwan isaa hundumaa irrattii fi wanta kan isaa taʼe hundumaa irratti muudi.+ Isaan godoo qulqulluu sanaa fi miʼawwan isaa hundumaa ni baatu;+ achi keessattis ni tajaajilu;+ godoo qulqulluu sanatti marsaniis ni buufatu.+ 51 Godoon qulqulluun sun yeroo bakka kan biraatti geeffamu hundumaatti Leewwonni isa ni diigu;+ yeroo godoon qulqulluun sun deebiʼee ijaaramutti immoo Leewwonni isa ni dhaabu; namni isaaf hin heyyamamne* kam iyyuu isatti yoo dhihaate haa ajjeefamu.+
52 “Israaʼelonni hundi tokkoon tokkoon isaanii akka garee garee isaanii* isa gosa sadi sadiin hirametti,*+ buufata isaaniif ramadame keessatti dunkaana isaanii haa dhaaban. 53 Yaaʼii Israaʼel irratti dheekkamsi akka hin dhufneef,+ Leewwonni godoo qulqulluu Dhugaa Baatuu sanatti marsanii haa buufatan; isaan godoo qulqulluu Dhugaa Baatuu sana kunuunsuuf* itti gaafatamummaa qabu.”+
54 Namoonni Israaʼelis wanta Yihowaan Musee ajaje hundumaa ni raawwatan. Isaan akkanuma ni godhan.
2 Yihowaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 2 “Israaʼelonni hundi tokkoon tokkoon isaanii faajjii* mana abbootii isaanii biratti akka garee isaanii isa gosa sadi sadiin hiramee+ isaaniif ramadametti haa buufatan. Isaan gara dunkaana walgaʼichaatti garagalanii naannoo isaatti marsanii haa buufatan.
3 “Kallattii bahaatiin, jechuunis gara aduun baatuun gareen Yihudaa inni gosoota sadii qabate akka garee garee* isaatti ni buufata; Naʼaasoon+ ilmi Aminaadaab ajajaa ilmaan Yihudaa ti. 4 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 74,600 turan.+ 5 Isatti aansuudhaan gosti Yisaakor ni buufata; Naataaniʼel+ ilmi Zuʼaar ajajaa ilmaan Yisaakori. 6 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 54,400 turan.+ 7 Itti aansuudhaan gosti Zaabiloon ni buufata; Eeliyaab+ ilmi Heloon ajajaa ilmaan Zaabilooni. 8 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 57,400 turan.+
9 “Warri raayyaawwan waraanaa buufata Yihudaa keessatti galmeeffaman walumaa galatti 186,400 turan. Isaan jalqaba irratti dunkaana isaanii buqqisanii deemu.+
10 “Gareen Ruuben+ inni gosoota sadii qabate akka garee garee* isaatti kallattii kibbaatiin ni buufata; Elizuur+ ilmi Shedeʼur ajajaa ilmaan Ruubeni. 11 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 46,500 turan.+ 12 Isatti aansuudhaan gosti Simiʼoon ni buufata; Shelumiʼel+ ilmi Zurishaadaay ajajaa ilmaan Simiʼooni. 13 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 59,300 turan.+ 14 Itti aansuudhaan gosti Gaad ni buufata; Eliyaasaaf+ ilmi Rewuʼel ajajaa ilmaan Gaadi. 15 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 45,650 turan.+
16 “Warri raayyaawwan waraanaa buufata Ruuben keessatti galmeeffaman walumaa galatti 151,450 turan; isaan lammaffaa irratti dunkaana isaanii buqqisanii ni deemu.+
17 “Dunkaanni walgaʼichaa yommuu iddoo biraatti geeffamu,+ buufanni Leewwotaa buufatawwan kaan gidduu haa taʼu.
“Isaan tokkoon tokkoon isaanii iddoo isaanii utuu hin gadhiisin akkuma buufatanii turan sanatti, akka garee isaanii isa gosa sadi sadiin hirametti haa deeman.+
18 “Gareen Efreem inni gosoota sadii qabate akka garee garee* isaatti kallattii dhihaatiin ni buufata; Elishaamaan+ ilmi Amihuud ajajaa ilmaan Efreemi. 19 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 40,500 turan.+ 20 Itti aansuudhaan gosti Minaasee+ ni buufata; Gamaaliʼel+ ilmi Pedaazur ajajaa ilmaan Minaasee ti. 21 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 32,200 turan.+ 22 Itti aansuudhaan gosti Biiniyaam ni buufata; Abidaan+ ilmi Giidewonii ajajaa ilmaan Biiniyaami. 23 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 35,400 turan.+
24 “Warri raayyaawwan waraanaa buufata Efreem keessatti galmeeffaman walumaa galatti 108,100 turan; isaan sadaffaa irratti dunkaana isaanii buqqisanii ni deemu.+
25 “Gareen Daan inni gosoota sadii qabate akka garee garee* isaatti kallattii kaabaatiin ni buufata; Ahiʼezer+ ilmi Amishaadaay ajajaa ilmaan Daani. 26 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 62,700 turan.+ 27 Isatti aansuudhaan gosti Asheer ni buufata; Paagiʼel+ ilmi Okraan ajajaa ilmaan Asheeri. 28 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 41,500 turan.+ 29 Isatti aansuudhaan gosti Asheer ni buufata; Ahiiraan+ ilmi Enaan ajajaa ilmaan Niftaalemi. 30 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 53,400 turan.+
31 “Warri raayyaawwan waraanaa buufata Daan keessatti galmeeffaman walumaa galatti 157,600 turan. Isaan akka garee isaanii isa gosoota sadi sadiin hirametti xumura irratti dunkaana isaanii haa buqqisan.”+
32 Kanneen kun Israaʼelota akka manneen abbootii isaaniitti galmeeffamani dha; warri buufaticha keessatti raayyaa waraanaa keessatti galmeeffaman walumaa galatti 603,550 turan.+ 33 Haa taʼu malee, akkuma Yihowaan Musee ajajetti, Leewwonni Israaʼelota kaanii wajjin+ hin galmeeffamne.+ 34 Israaʼelonni wanta Yihowaan Musee ajaje hundumaa ni raawwatan. Isaan akka maatii maatii isaaniittii fi akka manneen abbootii isaaniitti, akka garee isaanii isa gosa sadi sadiin hirametti kan buufatanii+ fi dunkaana isaanii buqqisanii kan deeman+ akka kanaan ture.
3 Yeroo Yihowaan Gaara Siinaa+ irratti Museetti dubbatetti, hiddi dhalootaa* Aaronii fi Musee kana ture. 2 Maqaan ilmaan Aaron, inni angafaa Naadaab, achiis Abihuu,+ Eleʼazaarii+ fi Itaamaar+ ture. 3 Maqaan ilmaan Aaron luboota taʼanii dibamanii fi luboota taʼanii akka tajaajilaniif muudamanii* kana ture.+ 4 Haa taʼu malee, Naadaabii fi Abihuun yommuu lafa onaa Siinaa keessatti Yihowaa duratti ibidda isa hin heyyamamne dhiheessanitti+ Yihowaa duratti waan ajjeefamaniif, isaan ijoollee dhiiraa hin qaban turan. Eleʼazaarii+ fi Itaamaar+ garuu abbaa isaanii Aaronii wajjin luboota taʼanii tajaajiluu isaanii itti fufan.
5 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 6 “Gosa Leewwii+ gara fuulduraatti dhiheessiitii Aaron lubicha dura isaan dhaabbachiisi; isaanis isa ni tajaajilu.+ 7 Isaan tajaajila isaanii isa godoo qulqulluu wajjin wal qabate raawwachuudhaan, itti gaafatamummaa isaa fi guutummaa yaaʼichaatiif qaban dunkaana walgaʼii duratti ni raawwatu. 8 Isaan miʼawwan dunkaana walgaʼii hundumaa ni kunuunsu;+ tajaajila godoo qulqulluu ilaallatu raawwachuudhaanis itti gaafatamummaa Israaʼelota ilaalchisee qaban ni raawwatu.+ 9 Ati Leewwota Aaronii fi ilmaan isaatiif ni kennita. Isaan kan kennaman, jechuunis Israaʼelota keessaa isaaf kan kennamani dha.+ 10 Ati Aaronii fi ilmaan isaa ni muudda; isaanis itti gaafatamummaa luboota taʼuudhaan qaban ni raawwatu;+ namni isaaf hin heyyamamne* kam iyyuu achitti yoo dhihaate haa ajjeefamu.”+
11 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 12 “Kunoo, ani Israaʼelota keessaa bakka angafoota Israaʼelotaa hundumaa* Leewwota nan fudhadha;+ Leewwonni kan koo ni taʼu. 13 Sababiin isaas, angafni hundi kan koo ti.+ Ani guyyaan biyya Gibxii keessatti angafoota hundumaa rukutetti,+ namas taʼe horii angafoota Israaʼel keessa jiran hundumaa ofii kootiif qulqulleesseera.+ Isaan kan koo ni taʼu. Ani Yihowaa dha.”
14 Yihowaan lafa onaa Siinaa+ keessatti Museetti dubbachuu isaa itti fufuudhaan akkana jedhe: 15 “Ilmaan Leewwii akka manneen abbootii isaaniittii fi akka maatii maatii isaaniitti galmeessi. Dhiira jiʼa tokkoo fi isaa ol taʼe hundumaa galmeessi.”+ 16 Kanaafuu, Museen akkuma ajajametti, qajeelfama Yihowaatiin isaan ni galmeesse. 17 Maqaan ilmaan Leewwii Geershon, Qehaatii fi Meraarii ture.+
18 Maqaan ilmaan Geershon akka maatii maatii isaaniitti Libnii fi Shimeʼii ture.+
19 Ilmaan Qehaat akka maatii maatii isaaniitti Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uuziʼel turan.+
20 Ilmaan Meraarii akka maatii maatii isaaniitti Maahlii+ fi Muushii+ turan.
Kanneen kun akka manneen abbootii isaaniitti maatiiwwan Leewwotaa turan.
21 Geershon irraa kan dhufan maatii Libnotaa+ fi maatii Shimeʼiiwotaa turan. Kanneen kun maatiiwwan Geershonotaa turan. 22 Dhiironni isaanii warri umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi isaa ol taʼe, warri galmeeffaman walumaa galatti lakkoofsi isaanii 7,500 ture.+ 23 Maatiiwwan Geershonotaa godoo qulqulluu duubaan+ kallattii dhihaatiin buufatanii turan. 24 Ajajaan mana abbootii Geershonotaa Eliyaasaaf ilma Laaʼel ture. 25 Itti gaafatamummaan ilmaan Geershon+ dunkaana walgaʼii keessatti qaban, godoo qulqulluu fi dunkaana+ isaa, wanta isa irraan uwwifamuu+ fi golgaa+ balbala dunkaana walgaʼii, 26 golgaawwan mooraa isaa,+ golgaa+ karra mooraa isa godoo qulqulluuttii fi iddoo aarsaatti marsee jiruu fi funyoowwan dunkaanaa kunuunsuu, akkasumas tajaajila wantoota kanaa wajjin wal qabate hundumaa raawwachuu ture.
27 Qehaat irraa kan dhufan maatii Amraamotaa, maatii Yizhaarotaa, maatii Kebroonotaa fi maatii Uuziʼelotaa turan. Kanneen kun maatiiwwan Qehaatotaa turan.+ 28 Dhiironni umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi isaa ol taʼe walumaa galatti lakkoofsi isaanii 8,600 ture; itti gaafatamummaan isaanii iddoo qulqulluu kunuunsuu ture.+ 29 Maatiiwwan ilmaan Qehaat godoo qulqulluu irraa kallattii kibbaatiin buufatanii turan.+ 30 Ajajaan mana abbootii maatiiwwan Qehaatotaa Elizaafaan ilma Uuziʼel+ ture. 31 Itti gaafatamummaan isaanii Taaboticha,+ minjaalicha,+ baattuu ibsaa,+ iddoowwan aarsaa,+ miʼawwan+ iddoo qulqulluu keessatti tajaajiluuf oolanii fi golgicha+ kunuunsuu, akkasumas tajaajila wantoota kanaa wajjin wal qabatan hundumaa raawwachuu ture.+
32 Ilma Aaron lubichaa kan taʼe Eleʼazaar+ inni warra wantoota iddoo qulqulluu wajjin wal qabatan irratti itti gaafatamummaa qaban toʼatu geggeessaa ajajjoota Leewwotaa ture.
33 Meraarii irraa kan dhufan maatii Maahlotaa fi maatii Muushotaa turan. Kanneen kun maatiiwwan Meraarii turan.+ 34 Dhiironni umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi isaa ol taʼe, warri galmeeffaman walumaa galatti lakkoofsi isaanii 6,200 ture.+ 35 Ajajaan mana abbootii maatiiwwan Meraarii Zuriʼel ilma Abihaayil ture. Isaan godoo qulqulluu sana irraa kallattii kaabaatiin buufatanii turan.+ 36 Itti gaafatamummaan ilmaan Meraarii qaban maqaaniiwwan+ godoo qulqulluu, danqaraawwan+ isaa, utubaawwan+ isaa, miiloowwan isaa warra uraa qabanii fi miʼawwan isaa hundumaa+ toʼachuu, akkasumas tajaajila wantoota kanaa wajjin wal qabate hundumaa raawwachuu ture;+ 37 kana malees, utubaawwan mooraa sanatti marsanii jiran hundumaa fi miiloowwan isaanii warra uraa qaban,+ qofoowwan dunkaanaa isaanii fi funyoowwan dunkaanaa isaanii toʼachuu ture.
38 Godoo qulqulluu fuuldura gara kallattii bahaatti, jechuunis dunkaana walgaʼii fuuldura gara aduun baatuun kan buufatan Musee, Aaronii fi ilmaan isaa turan. Kun dirqama isaan Israaʼelotaaf raawwatan waan taʼeef, iddoo qulqulluu sana kunuunsuuf itti gaafatamummaa qabu turan. Namni isaaf hin heyyamamne* kam iyyuu yoo achitti dhihaate ni ajjeefama.+
39 Dhiironni gosa Leewwii umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi isaa ol taʼe, warri Musee fi Aaron ajaja Yihowaatiin akka maatii maatii isaaniitti galmeessan walumaa galatti 22,000 turan.
40 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Angafoota Israaʼelotaa warra umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi isaa ol taʼe hundumaa galmeessi;+ isaan lakkaaʼi; maqaa isaaniis barreessi. 41 Bakka angafoota Israaʼelotaa hundumaa Leewwota adda naaf baasi;+ bakka beeladoota Israaʼelotaa warra dura dhalatan hundumaas beeladoota Leewwotaa adda baasi;+ ani Yihowaa dha.” 42 Achiis Museen akkuma Yihowaan isa ajajetti angafoota Israaʼelota gidduutti argaman hundumaa ni galmeesse. 43 Dhiironni angafaa warri umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi isaa ol taʼe, warri maqaadhaan galmeeffaman walumaa galatti lakkoofsi isaanii 22,273 ture.
44 Yihowaan akkana jedhee Museetti dubbachuu isaa itti fufe: 45 “Bakka angafoota Israaʼelotaa hundumaa Leewwota adda baasi; bakka beeladoota isaaniis beeladoota Leewwotaa adda baasi; Leewwonni kan koo ni taʼu. Ani Yihowaa dha. 46 Angafoota Israaʼelotaa 273n warra lakkoofsi isaanii lakkoofsa Leewwotaa irra caale sanaaf+ gatii furii+ akka taʼutti, 47 tokkoon tokkoon isaaniitiif akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti sheeqilii* shan ni fudhatta.+ Sheeqiliin tokko geeraa* 20 dha.+ 48 warra lakkoofsi isaanii lakkoofsa Leewwotaa irra caale sanaaf gatii furii akka taʼuuf, maallaqicha Aaronii fi ilmaan isaatti ni kennita.” 49 Kanaafuu, Museen warra lakkoofsi isaanii lakkoofsa Leewwotaa irra caale sana furuuf, maallaqa gatii furiitiif oolu sana walitti ni qabe. 50 Inni maallaqicha, jechuunis akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti sheeqilii 1,365 angafoota Israaʼelotaa irraa ni fuudhe. 51 Achiis Museen akkuma Yihowaan isa ajajee turetti, akka dubbii* Yihowaatti maallaqa gatii furii sanaa Aaronii fi ilmaan isaatti ni kenne.
4 Yihowaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 2 “Ilmaan Leewwii keessaa akka maatii maatii isaaniittii fi akka manneen abbootii isaaniitti ilmaan Qehaat,+ 3 warra umuriin isaanii waggaa 30+ hamma 50+ taʼee fi garee dunkaana walgaʼii keessatti hojjechuuf ramadame keessatti argaman hundumaa lakkaaʼaa.+
4 “Tajaajilli ilmaan Qehaat dunkaana walgaʼii keessatti raawwatan kana dha.+ Kun hundumaa caalaa qulqulluu dha. 5 Israaʼelonni bakka tokkoo gara bakka kan biraa yommuu dhaqan, Aaronii fi ilmaan isaa ol seenanii golgaa+ sana gad buusuudhaan qadaada taabota Dhugaa Baatuu sanaa ittiin haa haguugan.+ 6 Isaan gogaa tahaash* isa irratti ni uwwisu; isa irraan immoo huccuu bifti isaa guutummaatti cuquliisa taʼe ni uwwisu; danqaraawwan isaa warra ittiin isa baatanis+ iddoo isaanii keessa ni loosu.
7 “Kana malees, huccuu bifa cuquliisaa sana minjaala daabboo ilaalchaa irra ni afu;+ achiis saaniiwwan, xoofoowwan, saaniiwwan golboo fi okkoteewwan aarsaa dhugaatii+ achi irra ni kaaʼu; aarsaan daabboo inni yeroo hundumaa dhihaatu+ achuma irra turuu qaba. 8 Isaan huccuu bifa diimaa isaan irratti ni uwwisu; minjaalicha irraan immoo gogaa tahaash ni uwwisu; danqaraawwan isaa warra ittiin isa baatanis+ iddoo isaanii keessa ni loosu. 9 Achiis huccuu bifa cuquliisaa sana fudhatanii baattuu ibsaa,+ ibsaawwan isaa,+ qabduuwwan isaa, qodaawwan ibiddaa isaa,+ akkasumas miʼawwan zayitii isa ibsaan sun ifuu isaa akka itti fufu godhu qabatan hundumaa ni uwwisu. 10 Baattuu ibsaa sanaa fi miʼawwan isaa hundumaas gogaa tahaashiin maranii danqaraa ittiin baatan irra ni kaaʼu. 11 Huccuu bifa cuquliisaa sana iddoo aarsaa warqii+ irraa tolfame irratti uwwisanii, isa irraan immoo gogaa tahaash ni uwwisu; danqaraawwan isaa warra ittiin isa baatanis+ iddoo isaanii keessa ni loosu. 12 Achiis miʼawwan tajaajilaa+ warra yeroo hundumaa iddoo qulqulluu keessatti ittiin tajaajilan hundumaa fudhatanii huccuu bifa cuquliisaatiin ni maru; achiis gogaa tahaash itti uwwisanii danqaraa ittiin baatan irra isaan kaaʼu.
13 “Iddoo aarsaa sana keessaa daaraa* haa haran;+ achiis iddoo aarsaa sana huccuu suufii bifa dhiilgeetiin haa uwwisan. 14 Isaan miʼawwan isaa warra yeroo iddoo aarsaatti tajaajilan itti fayyadaman hundumaa, jechuunis qodaawwan ibiddaa, shukkaawwan, akaafaawwan, saaniiwwan golboo fi miʼawwan iddoo aarsaa hundumaa+ isa irra kaaʼanii gogaa tahaash itti ni uwwisu; achiis danqaraawwan isaa warra ittiin isa baatan+ iddoo isaanii keessa ni loosu.
15 “Buufatichi bakka tokkoo gara bakka kan biraa dhaquuf kaʼuu isaa dura, Aaronii fi ilmaan isaa iddoo qulqulluu fi miʼawwan iddoo qulqulluu hundumaa uwwisanii xumuruu qabu.+ Achiis ilmaan Qehaat isaan baachuuf ni seenu;+ haa taʼu malee, iddoo qulqulluu sana tuquu hin qaban; yoo akkana godhan ni duʼu.+ Dunkaana walgaʼii wajjin haala wal qabateen itti gaafatamummaan* ilmaan Qehaat qaban kana dha.
16 “Eleʼazaar+ ilmi Aaron lubichaa zayitii ibsaa,+ ixaana urgaaʼu,+ aarsaa midhaanii isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi zayitii dibataa+ sana ol aantummaadhaan toʼachuu irratti itti gaafatamummaa qaba. Inni iddoo qulqulluu fi miʼawwan isaa dabalatee, guutummaa godoo qulqulluu sanaa fi wanta achi keessa jiru hundumaa ol aantummaadhaan ni toʼata.”
17 Yihowaan itti fufuudhaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 18 “Gosti maatiiwwan Qehaatotaa+ Leewwota gidduudhaa akka badu hin godhinaa. 19 Kanaa mannaa, isaan lubbuudhaan akka jiraataniif, akkasumas wanta hundumaa caalaa qulqulluu+ taʼetti yommuu dhihaatan akka hin duuneef akkana isaaniif godhaa. Aaronii fi ilmaan isaa ol seenanii tokkoon tokkoon isaanii tajaajila isaan raawwatanii fi wanta isaan baatan isaaniif ni ramadu. 20 Isaan ol seenanii yeroo gabaabaadhaaf illee wantoota qulqulluu ilaaluu hin qaban; akkana yoo godhan garuu ni duʼu.”+
21 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 22 “Ilmaan Geershon+ akka manneen abbootii isaaniittii fi akka maatii maatii isaaniitti haa lakkaaʼaman. 23 Warra umuriin isaanii waggaa 30 hamma 50 taʼee fi garee dunkaana walgaʼii keessatti tajaajiluuf ramadame keessatti argaman hundumaa galmeessi. 24 Wanti maatiiwwan Geershonotaa akka kunuunsanii fi akka baataniif isaaniif ramadame kana dha:+ 25 Isaan huccuuwwan dunkaana godoo qulqulluu,+ dunkaana walgaʼii, wanta isa irraan uwwifamu, gogaa tahaash isa gubbaadhaan uwwifamu,+ golgaa balbala dunkaana walgaʼii,+ 26 golgaawwan mooraa+ sanaa, golgaa balbala mooraa+ isa godoo qulqulluuttii fi iddoo aarsaatti marsee jiru sanaa, funyoowwan dunkaanaa fi miʼawwan isaanii hundumaa, akkasumas wantoota tajaajila isaatiif oolan hundumaa ni baatu. Kun hojii isaanii ti. 27 Aaronii fi ilmaan isaa tajaajilaa fi baʼaawwan Geershonotaa+ hundumaa ol aantummaadhaan ni toʼatu; isin baʼaawwan kana hundumaa itti gaafatamummaa isaanii gootanii isaaniif ni ramaddu. 28 Tajaajilli maatiiwwan Geershonotaa dunkaana walgaʼii keessatti raawwatan kana dha;+ isaan qajeelfama Itaamaar+ ilma Aaron lubichaa jala taʼanii itti gaafatamummaa isaanii ni raawwatu.
29 “Ilmaan Meraariis+ akka maatii isaaniittii fi akka mana abbootii isaaniitti ni galmeessita. 30 Warra umuriin isaanii waggaa 30 hamma 50 taʼee fi garee dunkaana walgaʼii keessatti tajaajiluuf ramadame keessatti argaman hundumaa ni galmeessita. 31 Tajaajila isaanii isa dunkaana walgaʼii wajjin haala wal qabateen wanti isaan baachuuf itti gaafatamummaa qaban kana dha:+ maqaaniiwwan+ godoo qulqulluu, danqaraawwan+ isaa, utubaawwan+ isaa, miiloowwan isaa warra uraa qaban,+ 32 utubaawwan+ mooraa sanatti marsanii jiran, miiloowwan isaanii warra uraa qaban,+ qofoowwan dunkaanaa+ isaanii, funyoowwan dunkaanaa isaanii fi miʼawwan isaanii hundumaa, akkasumas wantoota tajaajila kanaa wajjin wal qabatan hundumaa. Miʼawwan isaan baachuuf itti gaafatamummaa qaban maqaa isaaniitiin isaaniif ramadaa. 33 Akkaataan maatiiwwan ilmaan Meraarii,+ qajeelfama Itaamaar ilma Aaron lubichaa jalatti dunkaana walgaʼii keessatti itti tajaajilan kana dha.”+
34 Achiis Museen, Aaronii fi ajajjoonni+ yaaʼichaa akka maatiiwwan isaaniittii fi akka mana abbootii isaaniitti ilmaan Qehaatotaa,+ 35 warra umuriin isaanii waggaa 30 hamma 50 taʼee fi garee dunkaana walgaʼii keessatti tajaajiluuf ramadame keessatti argaman hundumaa ni galmeessan.+ 36 Warri akka maatii maatii isaaniitti galmeeffaman walumaa galatti 2,750 turan.+ 37 Maatiiwwan Qehaatotaa keessaa warri galmeeffamanii fi dunkaana walgaʼii keessatti tajaajilan hundi kanneen kana turan. Musee fi Aaronis akka ajaja Yihowaan karaa Musee kennetti isaan ni galmeessan.+
38 Ilmaan Geershon+ akka maatii maatii isaaniittii fi akka mana abbootii isaaniitti, 39 warri umuriin isaanii waggaa 30 hamma 50 taʼee fi garee dunkaana walgaʼii keessatti tajaajiluuf ramadame keessatti argaman hundi ni galmeeffaman. 40 Warri akka maatii maatii isaaniittii fi akka mana abbootii isaaniitti galmeeffaman walumaa galatti 2,630 turan.+ 41 Maatiiwwan ilmaan Geershon keessaa warri dunkaana walgaʼii keessatti tajaajilan hundi kan galmeeffaman akka kanaan ture. Musee fi Aaronis akkuma Yihowaan ajajetti isaan akka galmeeffaman ni godhan.+
42 Ilmaan Meraarii akka maatii maatii isaaniittii fi akka mana abbootii isaaniitti, 43 warri umuriin isaanii waggaa 30 hamma 50 taʼee fi garee dunkaana walgaʼii keessatti tajaajiluuf ramadame keessatti argaman hundi ni galmeeffaman.+ 44 Warri akka maatii maatii isaaniitti galmeeffaman walumaa galatti 3,200 turan.+ 45 Maatiiwwan ilmaan Meraarii keessaa warri Musee fi Aaron akka ajaja Yihowaan karaa Musee kennetti galmeessan kanneen kana turan.+
46 Museen, Aaronii fi ajajjoonni Israaʼel, akka maatii maatii isaaniittii fi akka manneen abbootii isaaniitti Leewwota kana ni galmeessan; 47 isaan umuriin isaanii waggaa 30 hamma 50 ture; hundi isaaniis dunkaana walgaʼii wajjin haala wal qabateen akka tajaajilanii fi baʼaawwan akka baataniif ramadamanii turan.+ 48 Warri galmeeffamanis walumaa galatti 8,580 turan.+ 49 Tokkoon tokkoon isaanii akka tajaajila isaaniif ramadamettii fi akka baʼaa baatanitti, akkuma Yihowaan karaa Musee ajajetti ni galmeeffaman; isaan akkuma Yihowaan Musee ajajetti ni galmeeffaman.
5 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Nama dhukkuba nadaayiitiin qabame,+ nama dhangalaʼaan qaama isaa keessaa yaaʼuu+ fi nama reeffaan* xuraaʼe kam iyyuu buufaticha keessaa akka baasan Israaʼelota ajaji.+ 3 Dhiiras taʼe dubartii nama sana achi keessaa baasaa. Isaan buufatawwan warra ani gidduu isaanii jiraadhu+ sanaa akka hin faalleef,+ buufaticha keessaa isaan baasaa.” 4 Kanaafuu, Israaʼelonni akkuma kana ni godhan; buufaticha keessaas gad isaan ni baasan. Israaʼelonni akkuma Yihowaan Museetti hime ni godhan.
5 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 6 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Dhiirri tokko yookiin dubartiin takka cubbuuwwan ilmaan namootaa keessaa isa kam iyyuu yoo raawwatanii fi Yihowaadhaaf amanamoo utuu hin taʼin yoo hafan, isaan yakkamtoota ni taʼu.+ 7 Namni sun cubbuu hojjete sana haa himatu;*+ yakka isaatiifis kiisii godhee gatii guutuu haa kaffalu; akkasumas gatii sana keessaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalee haa kaffalu;+ isas nama balleessaa irratti raawwate sanaaf haa kennu. 8 Namni miidhame sun fira dhihoo kiisii sana fudhatu hin qabu yoo taʼe garuu, kiisiin sun Yihowaadhaaf haa deebiʼu; kiisiin sun korbeessa hoolaa araaraaf dhihaatu isa lubichi ittiin araara isaaf argamsiisu sanaa wajjin kan lubichaa ni taʼa.+
9 “‘Buusiin qulqulluun+ Israaʼelota irraa fudhatamuu fi lubichaaf dhihaatu kam iyyuu kan lubichaa ni taʼa.+ 10 Wantoonni qulqulluun tokkoon tokkoon namaa dhiheessu kanuma isaa taʼee itti fufa. Wanti tokkoon tokkoon namaa lubichaaf kennu kam iyyuu, kan lubichaa ni taʼa.’”
11 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 12 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Haati manaa nama tokkoo karaa irraa yoo gortee fi isaaf amanamtuu utuu hin taʼin yoo hafte, 13 namni kan biraan ishii wajjin saalqunnamtii kan raawwate+ taʼus, abbaan manaa ishii kana yoo beekuu baatee fi dhimmi isaa akkuma dhokfametti yoo ture, kanaanis ishiin yoo of xureessitee fi namni ishii irratti ragaa baʼu yoo dhabame, akkasumas ishiin hin qabamne yoo taʼe akkana haa godhamu: 14 Abbaan manaa ishii waan ishiin of xureessiteef yoo hinaafee fi amanamummaa haadha manaa isaa yoo shakke, yookiin utuu ishiin of hin xureessin yoo hinaafee fi amanamummaa haadha manaa isaa yoo shakke, 15 namichi haadha manaa isaa fi aarsaa ishii ilaalchisee dhihaatu, jechuunis daakuu garbuu eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko* gara lubichaatti haa fidu. Kun aarsaa midhaanii hinaaffaa ilaalchisee dhihaatu, jechuunis aarsaa midhaanii yakka yaadachiisuuf dhihaatu waan taʼeef, inni isa irratti zayitii dhangalaasuus taʼe ixaana adii isa irra kaaʼuu hin qabu.
16 “‘Lubichis gara fuulduraatti ishii fidee Yihowaa dura akka dhaabbattu godha.+ 17 Lubichi miʼa suphee irraa tolfametti bishaan qulqulluu ni fudhata; achiis lafa godoo qulqulluu sanaa irraa biyyoo muraasa fudhatee bishaanicha keessatti naqa. 18 Lubichi dubartittiin Yihowaa dura akka dhaabbattu ni godha; rifeensa ishiis ni hiika; aarsaa midhaanii yaadannoodhaaf dhihaatu, jechuunis aarsaa midhaanii hinaaffaa ilaalchisee dhihaatu+ sana barruu ishii irra kaaʼa; achiis lubichi bishaan hadhaaʼaa isa abaarsa fidu sana harka isaa irratti qabata.+
19 “‘Lubichis akkana jedhee dubartittii kakachiisa: “Ati aangoo abbaa manaa keetii jala utuu jirtuu nama kan biraa wajjin saalqunnamtii hin raawwanne yoo taʼe,+ karaa irraa maquudhaanis hin xuroofne yoo taʼe, miidhaa bishaan hadhaaʼaan abaarsa fidu kun geessisu irraa bilisa taʼi. 20 Aangoo abbaa manaa keetii jala utuu jirtuu of xureessuudhaan karaa irraa yoo gortee fi abbaa manaa keetiin alatti nama kan biraa wajjin saalqunnamtii raawwatteetta+ yoo taʼe garuu . . .” 21 Achiis lubichi dubartittiin kakaa abaarsa qabu akka kakattu godha; dubartittiidhaanis akkana jedha: “Yihowaan gudeedni* kee akka shuntuuruu* fi garaan kee akka dhiitaʼu gochuudhaan, Yihowaan saba kee gidduutti nama abaarsaa fi nama kakaa si haa godhu. 22 Bishaan abaarsa fidu kun, garaan kee akka dhiitaʼuu fi gudeedni* kee akka shuntuuru* gochuuf gara marʼimaan keetti ni seena.” Yeroo kanatti dubartittiin, “Ameen! Ameen!”* haa jettu.
23 “‘Lubichis abaarsa kana kitaaba keessatti barreessee bishaan hadhaaʼaa sanaan irraa haa dhiqu. 24 Achiis inni bishaan hadhaaʼaa abaarsa fidu sana dubartittii ni obaasa; bishaan abaarsa fidu sunis ishii keessa seenee miidhaa hadhaaʼaa ishiitti fida. 25 Lubichis aarsaa midhaanii hinaaffaa ilaalchisee dhihaatu+ sana harka dubartittii irraa fuudhee aarsaa midhaanii sana Yihowaa duratti asii fi achi haa sochoosu; achiis iddoo aarsaa biratti isa fida. 26 Lubichis aarsaa midhaanii sana keessaa hammaarraa tokko fuudhee guutummaa aarsichaa kan bakka buʼu gochuudhaan aarsaa ibiddaan dhihaatu godhee iddoo aarsaa irratti ni aarsa;+ sana booda dubartittiin bishaanicha akka dhugdu godha. 27 Yommuu bishaanicha akka dhugdu godhus, ishiin of xureessiteetti yoo taʼee fi abbaa manaa ishiitiif amanamtuu utuu hin taʼin hafteetti yoo taʼe, bishaan abaarsa fidu sun ishii keessa seenee miidhaa hadhaaʼaa ishiitti ni fida; garaan ishii ni dhiitaʼa; gudeedni* ishiis ni shuntuura;* dubartittiinis saba ishii gidduutti nama abaarsaa ni taati. 28 Dubartittiin kan of hin xureessinee fi qulqulluu yoo taate garuu, abaarsa akkanaa irraa bilisa ni taati; sana booda ulfaaʼuu fi ijoollee daʼuu ni dandeessi.
29 “‘Seerri hinaaffaa ilaalchisee kenname kana dha, dubartiin takka aangoo abbaa manaa ishii jala utuu jirtuu karaa irraa yoo gortee fi yoo of xureessite, 30 yookiin dhiirri tokko yoo hinaafee fi amanamummaa haadha manaa isaa yoo shakke, inni haadha manaa isaa Yihowaa dura haa dhaabbachiisu; lubichis seera kana hundumaa ishii irratti haa raawwatu. 31 Namichi yakka irraa bilisa ni taʼa; haati manaa isaa garuu yakka ishiitiif itti gaafatamti.’”
6 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Akkana jedhii Israaʼelotatti dubbadhu: ‘Dhiirri tokko yookiin dubartiin takka Yihowaadhaaf Naazrota*+ taʼanii jiraachuuf wareega adda taʼe yoo wareegan, 3 namni sun daadhii wayinii fi dhugaatii alkoolii kam irraa iyyuu haa fagaatu. Dhangaggaaʼaa daadhii wayinii yookiin dhangaggaaʼaa dhugaatii alkoolii akkamii iyyuu dhuguu hin qabu.+ Cuunfaa firii wayinii irraa tolfame akkamii iyyuu dhuguu yookiin jiidhaas taʼe gogaa firii wayinii nyaachuu hin qabu. 4 Bara Naazricha taʼee jiraatu hundumaatti firii wayinii hin bilchaanne irraa kaasee hamma qola isaatti wanta firii wayinii irraa tolfame akkamii iyyuu nyaachuu hin qabu.
5 “‘Bara Naazricha taʼee jiraachuuf wareege hundumaatti haadduun mataa isaa hin tuqin.+ Barri inni Yihowaadhaaf adda itti baafame hamma xumuramutti rifeensi mataa isaa akka guddatu gochuudhaan qulqulluu taʼee haa jiraatu. 6 Inni bara Yihowaadhaaf adda itti baafamee jiraatu hundumaatti reeffa namaatti* hin dhihaatin.* 7 Mallattoon Waaqa isaatiif Naazricha taʼee jiraachaa akka jiru argisiisu mataa isaa irra waan jiruuf, abbaan isaa yookiin haati isaa yookiin obboleessi isaa yookiin obboleettiin isaa yoo duʼan illee inni of hin xureessin.+
8 “‘Inni bara Naazricha taʼee jiraatu hundumaatti Yihowaadhaaf qulqulluu dha. 9 Haa taʼu malee, akkuma tasaa namni tokko isa biratti yoo duʼee+ fi rifeensa mataa isaa isa Waaqayyoof adda kan baafame taʼuu isaa argisiisu* yoo xureesse, inni guyyaa itti qulqullaaʼutti mataa isaa haa haaddatu.+ Guyyaa torbaffaatti haa haaddatu. 10 Guyyaa saddeettaffaattis, gugee* bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama balbala dunkaana walgaʼii irratti gara lubichaatti haa fidu. 11 Lubichis isa tokko aarsaa cubbuu, isa kan biraa immoo aarsaa gubamu godhee qopheessuudhaan reeffa nama* sanaatiin kan kaʼe cubbamaa waan taʼeef araara isaaf ni argamsiisa.+ Achiis inni guyyaa sanatti mataa isaa ni qulqulleessa. 12 Inni ammas guyyoota Yihowaadhaaf Naazricha taʼee itti jiraatuuf adda of baasa; xobbaallaa* hoolaa gara waggaa tokkoo taʼes aarsaa yakkaatiif ni fida. Haa taʼu malee, Naazrummaa isaa waan xureesseef guyyoonni sana dura turan hin lakkaaʼaman.
13 “‘Seerri Naazricha ilaalchisee kenname kana dha: Inni guyyoota Naazricha taʼee itti jiraatu yommuu xumurutti,+ gara balbala dunkaana walgaʼiitti ni fidama. 14 Achittis aarsaa isaa kana Yihowaadhaaf ni dhiheessa: aarsaa gubamuuf xobbaallaa hoolaa mudaa hin qabnee+ fi gara waggaa tokkoo taʼu tokko, aarsaa cubbuutiif hoolaa goromtii mudaa hin qabnee+ fi gara waggaa tokkoo taatu tokko, aarsaa gamtaatiif korbeessa hoolaa mudaa hin qabne tokko,+ 15 maxinoo daakuu bullaaʼaa irraa bifa amartiitiin tolfamee zayitiidhaan makame guuboo tokko, maxinoo haphii zayitiidhaan jiidhe, akkasumas aarsaawwan midhaanii+ isaanii fi aarsaawwan dhugaatii+ isaanii. 16 Lubichis Yihowaa duratti isaan ni dhiheessa; akkasumas aarsaa cubbuu isaa fi aarsaa isaa isa gubamu ni dhiheessa. 17 Inni korbeessa hoolaa sana maxinoo guuboo keessa jiruu wajjin aarsaa gamtaa godhee Yihowaadhaaf ni dhiheessa; akkasumas aarsaa midhaanii+ isaa fi aarsaa dhugaatii isaa ni dhiheessa.
18 “‘Naazrichis rifeensa mataa* isaa isa dheerate+ sana balbala dunkaana walgaʼii duratti ni haaddata; achiis rifeensa isaa isa yeroo Naazricha turetti guddate sana fuudhee ibidda aarsaa gamtaa sana jala jiru keessa ni buusa. 19 Sana booda lubichi gateettii xobbaallaa hoolaa sanaa isa affeelame,+ maxinoo bifa amartiitiin tolfamee fi guuboo keessa jiru irraa tokko, akkasumas maxinoo haphii sana irraa tokko fuudhee Naazrichi mallattoo Naazrummaa isaa erga haaddatee booda barruu isaa irra ni kaaʼa. 20 Achiis lubichi asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee dhiheessa.+ Kunis handaraafa aarsaa sochoofamuu fi luka buusii godhamuu wajjin lubichaaf qulqulluu ni taʼa.+ Sana booda, Naazrichi daadhii wayinii dhuguu ni dandaʼa.
21 “‘Naazricha+ wareega wareege ilaalchisee seerri kenname kana dha: Inni wareega yoo wareegee fi aarsaa Naazricha taʼuudhaan isa irraa eegamuu ol taʼe Yihowaadhaaf dhiheessuu kan dandaʼu yoo taʼe, kabaja seera Naazrummaa isaatiif qabuun kan kaʼe wareega isaa haa raawwatu.’”
22 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 23 “Akkana jedhii Aaronii fi ilmaan isaatti himi: ‘Akka kanaan saba Israaʼel eebbisaa.+ Akkana isaaniin jedhaa:
24 “Yihowaan si haa eebbisu,+ si haa eegus.
25 Yihowaan fuula isaa siif haa ibsu,+ isa birattis fudhatama argadhu.
26 Yihowaan fuula isaa gara keetti haa deebisu, nagaas siif haa kennu.”’+
27 Akkan isaan eebbisuufis+ isaan maqaa koo saba Israaʼel irra haa kaaʼan.”+
7 Museen guyyaa godoo qulqulluu sana dhaabee xumuretti,+ miʼawwan isaa hundumaa, iddoo aarsaa, miʼawwan iddoo aarsaa hundumaa+ fi godoo qulqulluu sana ni dibe,+ akkasumas ni qulqulleesse. Wantoota kana yommuu dibee fi yommuu qulqulleessetti,+ 2 ajajjoonni Israaʼel+ warri dura buutota manneen abbootii isaanii taʼan kennaa ni dhiheessan. Ajajjoonni gosootaa warri hojii galmeessuu ol aantummaadhaan toʼachaa turan kun, 3 gaariiwwan jaʼaa fi qotiyyoowwan 12, jechuunis ajajjoonni lama gaarii tokko, tokkoon tokkoon isaaniis qotiyyoo tokko tokko fidanii kennaa isaanii Yihowaa duratti ni dhiheessan; kennaawwan kanas godoo qulqulluu duratti ni dhiheessan. 4 Yihowaanis Museedhaan akkana jedhe: 5 “Tajaajila dunkaana walgaʼiitiif waan oolaniif wantoota kana isaan irraa fuudhi; tokkoon tokkoon isaaniitiif akka hojii hojii isaaniitiif barbaachisuttis Leewwotaaf kenni.”
6 Kanaafuu, Museen gaariiwwan sanaa fi loon sana fuudhee Leewwotaaf ni kenne. 7 Akka hojii isaaniitiif barbaachisuttis gaariiwwan lamaa fi qotiyyoowwan afur ilmaan Geershoniif ni kenne;+ 8 achiis akka hojii isaanii isa qajeelfama Itaamaar ilma Aaron lubichaa jala taʼuudhaan hojjetaniif barbaachisutti gaariiwwan afurii fi qotiyyoowwan saddeet ilmaan Meraariitiif ni kenne.+ 9 Haa taʼu malee, hojiin ilmaan Qehaat iddoo qulqulluutti tajaajiluu waan taʼeef,+ akkasumas isaan wantoota qulqulluu taʼan gateettii isaaniitti waan baataniif,+ inni homaa isaaniif hin kennine.
10 Ajajjoonni sun guyyaa iddoon aarsaa itti dibame sanatti eebba+ iddoo aarsaa sanaa irratti kennaa isaanii ni dhiheessan. Yeroo ajajjoonni sun kennaa isaanii iddoo aarsaa duratti dhiheessanitti, 11 Yihowaan Museedhaan, “Guyyoota walitti aananiif, guyyaa guyyaadhaan ajajaan tokko eebba iddoo aarsaa sanaatiif kennaa isaa ni dhiheessa” jedhe.
12 Naʼaasoon+ ilmi Aminaadaab inni gosa Yihudaa keessaa taʼe guyyaa jalqabaatti kennaa isaa ni dhiheesse. 13 Kennaan isaas akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii* 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 14 kana malees, xoofoo* warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 15 aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 16 aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 17 aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Naʼaasoon ilmi Aminaadaab+ dhiheesse kana ture.
18 Guyyaa lammaffaatti Naataaniʼel+ ilmi Zuʼaar inni ajajaa Yisaakor taʼe kennaa ni dhiheesse. 19 Kennaan inni dhiheesses akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 20 kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 21 aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 22 aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 23 aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Naataaniʼel ilmi Zuʼaar dhiheesse kana ture.
24 Guyyaa sadaffaatti Eeliyaab+ ilmi Heloon inni ajajaa ilmaan Zaabiloon taʼe 25 kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 26 kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 27 aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 28 aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 29 aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Eeliyaab+ ilmi Heloon dhiheesse kana ture.
30 Guyyaa arfaffaatti Elizuur+ ilmi Shedeʼur inni ajajaa ilmaan Ruuben taʼe 31 kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 32 kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 33 aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 34 aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 35 aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Elizuur+ ilmi Shedeʼur dhiheesse kana ture.
36 Guyyaa shanaffaatti Shelumiʼel+ ilmi Zurishaadaay inni ajajaa ilmaan Simiʼoon taʼe 37 kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 38 kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 39 aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 40 aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 41 aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Shelumiʼel+ ilmi Zurishaadaay dhiheesse kana ture.
42 Guyyaa jaʼaffaatti Eliyaasaaf+ ilmi Dewuʼel inni ajajaa ilmaan Gaad taʼe 43 kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 44 kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 45 aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 46 aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 47 aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Eliyaasaaf+ ilmi Dewuʼel dhiheesse kana ture.
48 Guyyaa torbaffaatti Elishaamaan+ ilmi Amihuud inni ajajaa ilmaan Efreem taʼe 49 kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 50 kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 51 aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 52 aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 53 aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Elishaamaan+ ilmi Amihuud dhiheesse kana ture.
54 Guyyaa saddeettaffaatti Gamaali’el+ ilmi Pedaazur inni ajajaa ilmaan Minaasee taʼe 55 kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 56 kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 57 aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 58 aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 59 aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Gamaaliʼel+ ilmi Pedaazur dhiheesse kana ture.
60 Guyyaa saglaffaatti Abidaan+ ilmi Giidewonii inni ajajaa+ ilmaan Biiniyaam taʼe 61 kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 62 kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 63 aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 64 aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 65 aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Abidaan+ ilmi Giidewonii dhiheesse kana ture.
66 Guyyaa kurnaffaatti Ahiʼezer+ ilmi Amishaadaay inni ajajaa ilmaan Daan taʼe 67 kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 68 kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 69 aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 70 aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 71 aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Ahiʼezer+ ilmi Amishaadaay dhiheesse kana ture.
72 Guyyaa 11ffaatti Paagiʼel+ ilmi Okraan inni ajajaa ilmaan Asheer taʼe 73 kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 74 kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 75 aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 76 aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 77 aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Paagiʼel+ ilmi Okraan dhiheesse kana ture.
78 Guyyaa 12ffaatti Ahiiraan+ ilmi Enaan inni ajajaa ilmaan Niftaalem taʼe 79 kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 80 kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 81 aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 82 aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 83 aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Ahiiraan+ ilmi Enaan dhiheesse kana ture.
84 Iddoon aarsaa sun yeroo dibametti kennaan eebba+ iddoo aarsaa sanaatiif ajajjoonni Israaʼel fidan kana ture: saaniiwwan meetii 12, saaniiwwan golboo meetii irraa tolfaman 12, xoofoowwan warqii 12,+ 85 saaniiwwan meetii sun tokkoon tokkoon isaanii sheeqilii 130, saaniiwwan golboon sun immoo tokkoon tokkoon isaanii sheeqilii 70 kan madaalan yeroo taʼu, miʼawwan meetii hundi akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti+ walumaa galatti sheeqilii 2,400 taʼu turan; 86 xoofoowwan warqii ixaanaan guutaman 12n tokkoon tokkoon isaanii akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti sheeqilii 10 kan madaalan yeroo taʼu, warqiin xoofoowwan sanaa hundi walumaa galatti sheeqilii 120 taʼa ture. 87 Loon aarsaa gubamuuf dhihaatan walumaa galatti jiboota 12, korbeeyyii hoolaa 12, hoolota xobbaallaa kormaa tokkoon tokkoon isaanii waggaa tokko taʼan 12 fi aarsaawwan midhaanii isaanii, akkasumas aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee 12 turan; 88 loon aarsaa gamtaatiif dhihaatan walumaa galatti jiboota 24, korbeeyyii hoolaa 60, korbeeyyii reʼee 60 fi hoolota xobbaallaa kormaa tokkoon tokkoon isaanii waggaa tokko taʼan 60 turan. Iddoon aarsaa sun erga dibamee+ booda kennaan eebba+ iddoo aarsaa sanaatiif dhihaate kana ture.
89 Museen Waaqayyoo* wajjin dubbachuuf yeroo gara dunkaana walgaʼiitti seenu+ hundumaatti, qadaada taabota Dhugaa Baatuu sana gubbaa irraa, jechuunis kiruubelota lamaan gidduudhaa+ sagalee isa isaa wajjin dubbatu ni dhagaʼa ture;+ Waaqayyos isaa wajjin ni dubbata ture.
8 Yihowaan akkana jechuudhaan Museetti dubbate: 2 “Akkana jedhii Aaronitti dubbadhu: ‘Yommuu ibsaawwan ibsitu, ibsaawwan torban sun iddoo isa baattuu ibsaa sana fuuldura jirutti haa ifan.’”+ 3 Kanaafuu, Aaron akkana ni godhe: Akkuma Yihowaan Musee ajajetti, iddoo isa baattuu ibsaa+ sana fuuldura jirutti akka ifaniif ibsaawwan sana ni ibse. 4 Baattuun ibsaa sun kan tolfame akka kanaan ture: Baattuun ibsaa sun warqii tumame irraa kan tolfame ture; jirma isaa irraa jalqabee hamma daraaraawwan isaattis tumamee kan tolfame ture.+ Baattuun ibsaa sun kan tolfame akkuma mulʼata Yihowaan Museetti argisiisetti ture.+
5 Yihowaan ammas akkana jedhee Museetti dubbate: 6 “Israaʼelota gidduudhaa Leewwota fuudhiitii isaan qulqulleessi.+ 7 Akka kanatti isaan qulqulleessi: Bishaan cubbuu irraa qulqulleessu isaanitti facaasi; isaanis guutummaa qaama isaanii haadduudhaan haa haaddatan, uffata isaanii haa miiccatan, ofis haa qulqulleessan.+ 8 Achiis jibicha+ tokko, akkasumas aarsaa midhaanii+ isaa akka taʼuuf daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame ni fudhatu; atis aarsaa cubbuutiif+ akka taʼutti jibicha kan biraa tokko ni fudhatta. 9 Leewwota dunkaana walgaʼii duratti ni dhiheessita; guutummaa yaaʼii Israaʼelis walitti ni qabda.+ 10 Yommuu Leewwota Yihowaa duratti dhiheessitu, Israaʼelonni harka isaanii Leewwota irra ni kaaʼu.+ 11 Aaronis Israaʼelota keessaa aarsaa asii fi achi sochoofamu+ godhee Leewwota Yihowaa duratti ni dhiheessa;* isaanis tajaajila Yihowaa ni raawwatu.+
12 “Achiis Leewwonni harka isaanii mataa jiboota sanaa irra ni kaaʼu.+ Sana booda Leewwotaaf araara argamsiisuuf+ isa tokko aarsaa cubbuu, isa kan biraa immoo aarsaa gubamu godhanii Yihowaadhaaf dhiheessu. 13 Achiis Leewwota Aaronii fi ilmaan isaa dura dhaabbachiistee aarsaa asii fi achi sochoofamu gootee Yihowaadhaaf isaan dhiheessita.* 14 Ati Israaʼelota gidduudhaa Leewwota adda ni baasta; Leewwonnis kan koo ni taʼu.+ 15 Sana booda Leewwonni dunkaana walgaʼii keessatti tajaajiluuf ni seenu. Akka kanaan isaan ni qulqulleessita, akkasumas aarsaa asii fi achi sochoofamu gootee isaan ni dhiheessita.* 16 Sababiin isaas isaan warra kennaman, jechuunis warra Israaʼelota gidduudhaa anaaf kennamani dha. Israaʼelota keessaa bakka angafoota* hundumaa+ ani ofii kootiif isaan nan fudhadha. 17 Sababiin isaas, Israaʼelota keessaa namnis taʼe horiin jalqaba dhalatu kan koo ti.+ Guyyaan biyya Gibxii keessatti angafa hundumaa rukutetti ofii kootiif isaan qulqulleeffadheera.+ 18 Bakka angafoota Israaʼelota gidduutti argaman hundumaa Leewwota nan fudhadha. 19 Ani Israaʼelota gidduudhaa Aaronii fi ilmaan isaatiif Leewwota nan kenna; isaanis bakka Israaʼelotaa buʼanii dunkaana walgaʼii keessatti ni tajaajilu;+ akkasumas sabni Israaʼel gara iddoo qulqulluutti dhihaachuu isaaniitiin kan kaʼe isaan gidduutti dhaʼichi akka hin dhufneef isaan Israaʼelotaaf araara argamsiisu.”+
20 Museen, Aaronii fi guutummaan yaaʼii Israaʼel Leewwota ilaalchisee akkanuma ni godhan. Israaʼelonni wanta Yihowaan Leewwota ilaalchisee Musee ajaje hundumaa ni raawwatan. 21 Kanaafuu, Leewwonni of ni qulqulleessan; uffata isaaniis ni miiccatan;+ sana booda Aaron aarsaa asii fi achi sochoofamu godhee Yihowaa duratti isaan dhiheesse.*+ Achiis Aaron isaan qulqulleessuuf araara isaaniif ni argamsiise.+ 22 Sana booda Leewwonni dunkaana walgaʼii keessatti Aaronii fi ilmaan isaa duratti tajaajila isaanii raawwachuuf gara keessaatti ni seenan. Isaan wantuma Yihowaan Leewwota ilaalchisee Musee ajaje ni raawwatan.
23 Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 24 “Seerri Leewwotaaf hojjetu kana dha: Namni umuriin isaa waggaa 25 fi isaa ol taʼe, garee warra tajaajila dunkaana walgaʼii keessatti hirmaatanitti ni makama. 25 Umuriin isaa waggaa 50 erga taʼee booda garuu, garee tajaajilaa sana irraa soorama ni baʼa; sana boodas hin tajaajilu. 26 Obboloota isaa warra dunkaana walgaʼii keessatti itti gaafatamummaa isaanii raawwatan tajaajiluu ni dandaʼa; haa taʼu malee, tajaajila achitti raawwatamu irratti hirmaachuu hin qabu. Leewwotaa fi itti gaafatamummaa isaan qaban ilaalchisee wanti ati gochuu qabdu kana dha.”+
9 Israaʼelonni biyya Gibxii keessaa erga baʼanii booda waggaa lammaffaa keessaa jiʼa isa jalqabaatti, lafa onaa Siinaa keessatti Yihowaan Museedhaan akkana jedhe:+ 2 “Israaʼelonni yeroo isaaf murteeffametti+ aarsaa Faasikaa haa qopheessan.+ 3 Isin jiʼa kana keessaa guyyaa 14ffaatti yeroo dimimmisaaʼu* yeroo isaaf murteeffametti isa qopheessaa. Akkaataa dambii fi sirna isaaf qophaaʼe hundumaatti isa qopheessaa.”+
4 Kanaafuu, Museen Israaʼelonni aarsaa Faasikaa akka qopheessan isaanitti ni hime. 5 Isaanis lafa onaa Siinaa keessatti jiʼa isa jalqabaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 14tti yeroo dimimmisaaʼu* aarsaa Faasikaa ni qopheessan. Israaʼelonni wanta hundumaa akkuma Yihowaan Musee ajajetti ni raawwatan.
6 Yeroo kanatti namoonni reeffa tuquudhaan* xuraaʼan+ jiru turan; kanaan kan kaʼes, isaan guyyaa sanatti aarsaa Faasikaa qopheessuu hin dandeenye. Kanaafuu, namoonni sun guyyaa sanatti Musee fi Aaron duratti dhihaatanii,+ 7 “Reeffa waan tuqneef* xuroofneerra. Maarree, nuti Israaʼelotaa wajjin yeroo isaaf murteeffametti Yihowaadhaaf aarsaa akka hin dhiheessine kan dhowwamne maaliifi?”+ isaan jedhan. 8 Yeroo kanatti Museen, “Ajaja Yihowaan waaʼee keessan kennu hamman dhagaʼutti achumatti eegaa”+ isaaniin jedhe.
9 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 10 “Israaʼelotaan akkana jedhi: ‘Isin gidduudhaa yookiin dhaloota keessan isa gara fuulduraa keessaa namni tokko reeffa tuquudhaan* yoo xuraaʼe+ yookiin karaa fagoo yoo deeme illee namni sun Yihowaadhaaf aarsaa Faasikaa qopheessuu qaba. 11 Isaan jiʼa isa lammaaffatti,+ jiʼicha keessaas guyyaa 14ffaatti yeroo dimimmisaaʼu* isa haa qopheessan. Maxinoo fi baala hadhaaʼaa wajjin isa haa nyaatan.+ 12 Isa irraa wanta akkamii iyyuu hamma ganamaatti hambisuu+ fi lafee isaa isa kam iyyuu cabsuu hin qaban.+ Akka dambii Faasikaa ilaalchisee kenname hundumaatti isa haa qopheessan. 13 Haa taʼu malee, namni tokko qulqulluu taʼee utuu jiruu yookiin karaa utuu hin deemin aarsaa Faasikaa qopheessuu yoo dhiise, yeroo isaaf ramadametti aarsaa Yihowaa waan hin dhiheessineef, namni* sun saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu.*+ Namichi cubbuu isaatiif itti gaafatama.
14 “‘Namni biyya ormaa isinii wajjin kan jiraatu yoo taʼe, innis Yihowaadhaaf aarsaa Faasikaa qopheessuu qaba.+ Akkaataa dambii fi sirna Faasikaadhaaf qophaaʼe hundumaatti isa haa qopheessu.+ Nama biyya ormaatiifis taʼe lammii biyyattiitiif dambiin tokko haa jiraatu.’”+
15 Guyyaa godoo qulqulluun sun dhaabametti,+ duumessi godoo qulqulluu sana, jechuunis dunkaana Dhugaa Baatuu sana ni uwwise; haa taʼu malee, wanti ibidda fakkaatu galgalaa jalqabee hamma ganamaatti godoo qulqulluu sana irratti ni mulʼate.+ 16 Wanti taʼaa ture kana dha: Guyyaa guyyaa duumessichi isa ni haguuga, halkan halkan immoo wanti ibidda fakkaatu irratti ni mulʼata ture.+ 17 Yeroo duumessichi dunkaanicha irraa kaʼu hundumaatti, Israaʼelonni yeruma sana kaʼanii deemu turan;+ bakka duumessichi turutti immoo Israaʼelonni ni buufatu turan.+ 18 Israaʼelonni ajaja Yihowaatiin kaʼanii deemu, ajaja Yihowaatiin ni buufatu turan.+ Duumessichi yeroo godoo qulqulluu sana irra turutti, isaanis bakkuma buufatan ni turu. 19 Yeroo duumessichi guyyoota hedduudhaaf godoo qulqulluu sana irra turutti, Israaʼelonni Yihowaadhaaf ajajamuudhaan bakkuma sana ni turu.+ 20 Yeroo tokko tokko duumessichi guyyoota muraasaaf godoo qulqulluu irra tura. Isaanis ajaja Yihowaatiin akkuma buufatanitti ni turu, ajaja Yihowaatiin kaʼanii ni deemu turan. 21 Yeroo tokko tokko duumessichi kan turu galgalaa jalqabee hamma ganamaatti qofa ture; duumessichi yommuu ganama kaʼutti isaan kaʼanii deemu turan. Guyyaas taʼe halkan yeroo duumessichi kaʼutti, isaanis kaʼanii deemu turan.+ 22 Guyyaa lamas taʼe jiʼa tokko yookiin sanaa ol, duumessichi yeroo godoo qulqulluu sana irra turu hundumaatti, Israaʼelonni akkuma buufatanitti ni turu, kaʼaniis hin deeman turan. Yommuu inni kaʼutti garuu, kaʼanii deemu turan. 23 Ajaja Yihowaatiin kaʼanii deemu, ajaja Yihowaatiin ni buufatu turan. Isaan ajaja Yihowaan karaa Musee kenneen dirqama Yihowaan isaan irraa eegu ni raawwatu turan.
10 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Meetii tumame irraa malakata+ lama ofii keetiif tolfadhuutii, yaaʼicha walitti qabuu fi buufata isaa buqqifatee akka deemu gochuuf itti fayyadami. 3 Lamaan isaanii yommuu afuufamanitti, guutummaan yaaʼichaa balbala dunkaana walgaʼii duratti si biratti walitti haa qabamu.+ 4 Malakanni tokko qofti yoo afuufame, ajajjoonni, jechuunis dura buutonni kumaa Israaʼel qofti si biratti walitti ni qabamu.+
5 “Sagalee malakataa jijijjiiramu yommuu dhageessistan, gareen gosootaa inni kallattii bahaatiin+ buufate kaʼee haa deemu. 6 Sagalee malakataa jijijjiiramu siʼa lammaffaadhaaf yommuu dhageessistan immoo, gareen gosootaa inni kallattii kibbaatiin+ buufate kaʼee haa deemu. Isaan keessaa gareen inni tokko kaʼee yeroo deemu hundumaatti akka kanaan sagalee malakataa haa dhageessisan.
7 “Yeroo gumicha walitti qabuuf waamtanitti malakata afuufaa;+ haa taʼu malee, yeroo kanatti sagalee malakataa jijijjiiramu hin dhageessisinaa. 8 Ilmaan Aaron warri luboota taʼan malakata haa afuufan;+ isaanitti fayyadamuunis guutummaa dhaloota keessanii keessatti dambii dhaabbataa isiniif ni taʼa.
9 “Biyya keessan keessatti diina isin rakkisu waraanuuf yommuu deemtan, sagalee malakataa waamicha waraanaatiif afuufamu dhageessisaa;+ Waaqni keessan Yihowaan isin ni yaadata; diinota keessan irraas isin ni oolcha.
10 “Kana malees, waqtiilee gammachuu keessaniitti,+ jechuunis yeroo ayyaanota keessaniittii+ fi jalqaba jiʼoottan keessaniitti, aarsaawwan keessan warra gubaman irrattii+ fi aarsaawwan gamtaa+ keessan irratti sagalee malakataa dhageessisaa; isaanis Waaqa keessan duratti yaadannoo isiniif ni taʼu. Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.”+
11 Waggaa lammaffaatti, waggicha keessaa jiʼa isa lammaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 20ffaatti,+ duumessi sun godoo qulqulluu Dhugaa Baatuu sana irraa ni kaʼe.+ 12 Kanaafuu, Israaʼelonni duraa duuba adeemsa isaanii hordofanii lafa onaa Siinaa keessaa baʼanii deemuu jalqaban;+ duumessichis lafa onaa Phaaraan+ keessa ni qubate. 13 Ajaja Yihowaan karaa Musee kenne hordofuudhaan yeroo jalqabaatiif kaʼanii kan deeman yeroo kanatti ture.+
14 Kanaafuu, jalqaba irratti buufanni garee Yihudaa inni gosoota sadii qabate akka garee garee* isaatti kaʼee ni deeme; Naʼaasoon+ ilmi Aminaadaab ajajaa garee sanaa ture. 15 Naataaniʼel+ ilmi Zuʼaar ajajaa garee gosa ilmaan Yisaakor ture. 16 Eeliyaab+ ilmi Heloon immoo ajajaa garee gosa ilmaan Zaabiloon ture.
17 Godoon qulqulluun sun yommuu diigamu,+ ilmaan Geershonii+ fi ilmaan Meraarii+ warri godoo qulqulluu sana baatan kaʼanii ni deeman.
18 Itti aansuudhaan buufanni garee Ruuben inni gosoota sadii qabate akka garee garee* isaatti kaʼee ni deeme; Elizuur+ ilmi Shedeʼur ajajaa garee sanaa ture. 19 Shelumiʼel+ ilmi Zurishaadaay ajajaa garee gosa ilmaan Simiʼoon ture. 20 Eliyaasaaf+ ilmi Dewuʼel immoo ajajaa garee gosa ilmaan Gaad ture.
21 Sana booda Qehaatonni warri miʼawwan iddoo qulqulluu sanaa baatan+ kaʼanii deeman. Godoo qulqulluun sun yeroo isaan achi gaʼanitti dhaabamee isaan eega ture.
22 Itti aansuudhaan buufanni garee Efreem inni gosoota sadii qabate akka garee garee isaatti kaʼee ni deeme; Elishaamaan+ ilmi Amihuud ajajaa garee sanaa ture. 23 Gamaaliʼel+ ilmi Pedaazur ajajaa garee gosa ilmaan Minaasee ture. 24 Abidaan+ ilmi Giidewonii immoo ajajaa garee gosa ilmaan Biiniyaam ture.
25 Itti aansuudhaan buufanni garee Daan inni gosoota sadii qabate akka garee garee* isaatti karaa duubaatiin eegduu buufatawwan hundumaa taʼuudhaan kaʼee ni deeme; Ahiʼezer+ ilmi Amishaadaay ajajaa garee sanaa ture. 26 Paagiʼel+ ilmi Okraan ajajaa garee gosa ilmaan Asheer ture. 27 Ahiiraan+ ilmi Enaan immoo ajajaa garee gosa ilmaan Niftaalem ture. 28 Duraa duubni Israaʼelonnii fi gareewwan isaanii* yommuu kaʼanii deeman hordofan kana ture.+
29 Achiis Museen Hobaab ilma Rewuʼel*+ Miidiyaanicha isa abbiyyuu* isaa taʼeen akkana jedhe: “Nuti gara bakka Yihowaan, ‘Ani isiniif nan kenna’+ jedhetti qajeelaa jirra. Yihowaan Israaʼeliif wantoota gaggaarii gochuuf waadaa waan galeef,+ nuu wajjin kottu;+ nutis wanta gaarii siif ni goona.” 30 Inni garuu, “Ani isinii wajjin hin deemu. Gara biyya koo fi gara firoottan koottan deebiʼa” isaan jedhe. 31 Yeroo kanatti Museen akkana isaan jedhe: “Ati lafa onaa keessatti bakka buufachuu qabnu waan beektuuf, akkasumas karaa nutti argisiisuu* waan dandeessuuf, maaloo nu dhiistee hin deemin. 32 Ati yoo nuu wajjin dhufte,+ gaarummaa Yihowaan nutti argisiisu akkamii iyyuu dhugumaan sitti ni argisiisna.”
33 Akka kanaan, isaan gaara Yihowaa+ irraa kaʼanii adeemsa guyyaa sadii deemuu jalqaban; taabonni+ kakuu Yihowaas iddoo boqonnaa isaaniif barbaaduuf adeemsa guyyaa sadii isaan dura deeme.+ 34 Yeroo isaan buufaticha keessaa baʼanii deemuu jalqabanitti duumessi Yihowaa+ guyyaa guyyaa isaan gararraa ni taʼa ture.
35 Yeroo Taabotichi sochoʼu hundumaatti Museen, “Yaa Yihowaa kaʼi,+ diinonni kee haa bittinnaaʼan; warri si jibbanis si duraa haa baqatan” jedha ture. 36 Yommuu taabotichi boqotu immoo, “Yaa Yihowaa, gara Israaʼelota kumaatama taʼan warra lakkaaʼamuu hin dandeenyetti+ deebiʼi” jedha ture.
11 Yeroo kanatti sabichi Yihowaa duratti akka malee gungumuu jalqabe. Yihowaanis yommuu kana dhagaʼutti aariin isaa ni bobaʼe; ibiddis Yihowaa biraa dhufee isaan irratti bobaʼuu fi qarqara buufatichaatti namoota tokko tokko nyaachuu jalqabe. 2 Sabichi yommuu gara Museetti iyyuttis, inni Yihowaatti wawwaannaa ni dhiheesse;+ ibiddichis ni dhaame. 3 Ibiddi Yihowaa biraa dhufe isaan irratti bobaʼee waan tureef, maqaan iddoo sanaa Taaberaa* jedhamee moggaafame.+
4 Achiis uummanni walitti makamee*+ fi isaan gidduu ture sun fedhii ofittummaa qabu ni ibse;+ Israaʼelonnis akkana jedhanii booʼuu jalqaban: “Foon nyaannu eenyutu nuuf kenna?+ 5 Qurxummiin biyya Gibxii keessatti gatii utuu hin kaffalin nyaachaa turre sun, akkasumas buqqeen dheedhii nyaatamu, habaabiin, qullubbii baaroon, qullubbii diimaanii fi qullubbii adiin sun ija keenya dura deema!+ 6 Amma garuu kunoo, dhumaa jirra. Mannaa kana malee wanta arginu tokko illee hin qabnu.”+
7 Mannaan+ akka firii dimbilaalaa ture;+ bifti isaas haphee urgaaʼu fakkaata ture. 8 Sabichis gad baʼee isa funaanee, dhagaa daakuutiin isa daaka yookiin mooyyeetti isa tuma ture. Achiis distiitti isa affeelu yookiin bixxillee godhanii isa tolchu turan;+ dhandhamni isaas akka bixxillee miʼaawaa zayitiidhaan tolfamee ture. 9 Fixeensi halkan keessa yommuu buufaticha irratti buʼu, mannaan sunis isa irratti ni buʼa ture.+
10 Museenis sabichi maatii maatiidhaan taʼanii, tokkoon tokkoon isaanii balbala dunkaana isaanii duratti yommuu booʼan ni dhagaʼe. Yeroo kanatti Yihowaan akka malee aare;+ Museenis baayʼee gadde. 11 Achiis Museen Yihowaadhaan akkana jedhe: “Ati tajaajilaa kee kan miitu maaliifi? Si duratti fudhatama kanan dhabee fi baʼaa saba kana hundumaa ana irratti kan feete maaliifi?+ 12 Saba kana hundumaa anatu garaatti baatee? Ati gara biyya abbootii isaaniitiif kennuuf kakattetti+ akkan isaan geessuuf, ‘Akkuma tajaajilaan* tokko daaʼima harma hodhu baatutti, qoma keetti isaan baadhu’ kan naan jettu anatu isaan daʼee? 13 Foon saba kana hundumaatiif kennamu eessaan argadha? Kunoo isaan, ‘Foon nyaannu nuuf kenni!’ jedhanii natti booʼaa jiru. 14 Ani saba kana hundumaa kophaa koo baachuu hin dandaʼu; humna kootii oli dha.+ 15 Ati akkana kan na gootu erga taʼee, maaloo ammuma na ajjeesi.+ Si duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, kana booda rakkina akkan argu hin godhin.”
16 Yihowaanis deebisee Museedhaan akkana jedhe: “Jaarsolii Israaʼel keessaa namoota jaarsolii fi abbootii taayitaa sabichaa+ taʼuu isaanii beektu* 70 walitti naaf qabi; achiis gara dunkaana walgaʼiitti isaan fidiitii sii wajjin achi akka dhaabbatan godhi. 17 Anis gad buʼee+ achitti sii wajjin nan dubbadha;+ hafuura isa si irra jiru irraa muraasa fuudhees+ isaan irra nan kaaʼa; isaanis ati kophaa kee akka hin baanneef, baʼaa sabichaa baachuu irratti si gargaaru.+ 18 Sabichaan immoo akkana jedhi: ‘Isin dhugumaan foon waan nyaattaniif boruuf of qulqulleessaa;+ sababiin isaas isin utuma Yihowaan dhagaʼuu, “Foon nyaannu eenyutu nuuf kenna? Biyya Gibxii keessa yommuu jirru nuuf wayya ture”+ jettanii boossaniittu.+ Yihowaan dhugumaan foon isiniif ni kenna; isinis ni nyaattu.+ 19 Isin kan nyaattan guyyaa tokko yookiin guyyaa 2 yookiin guyyaa 5 yookiin guyyaa 10 yookiin guyyaa 20 miti; 20 kanaa mannaa, isin Yihowaa isa isin gidduu ture waan tuffattaniif, akkasumas “Biyya Gibxii keessaa kan baane maaliifi?” jettanii isa duratti waan boossaniif,+ hamma funyaaniin isin baʼuttii fi hamma isin nuffisiisutti+ jiʼa tokko guutuu ni nyaattu.’”
21 Achiis Museen akkana jedhe: “Sabichi ani gidduu isaatti argamu dhiirota lafoo 600,000+ qaba; ati garuu, ‘Ani foon isaaniif nan kenna; isaanis jiʼa tokko guutuu hamma isaan gaʼu ni nyaatu!’ jetteetta. 22 Utuma bushaayeewwanii* fi loon hundi qalamanii illee isaaniif ni gaʼaa? Yookiin utuma qurxummiin galaanaa hundi qabamee illee isaaniif ni gaʼaa?”
23 Achiis Yihowaan Museedhaan, “Harki Yihowaa gabaabaa dhaa?+ Wanti ani jedhe siif kan raawwatamu taʼuu fi dhiisuu isaa amma argita” jedhe.
24 Kanaafuu, Museen gad baʼee wanta Yihowaan dubbate sabichatti hime. Achiis jaarsolii sabichaa gidduudhaa namoota 70 walitti qabee naannoo dunkaanichaa isaan dhaabbachiise.+ 25 Yihowaanis duumessicha keessaan gad buʼee+ isatti dubbate;+ sana booda hafuura isa irra ture sana irraa muraasa isaa fuudhee+ tokkoon tokkoon jaarsolii 70 sana irra kaaʼe. Hafuurichi akkuma isaan irra buʼeen isaan akka raajotaa taʼuu* jalqaban;+ sana booda garuu akkana hin taane.
26 Yeroo kanatti namoonni lama buufaticha keessa jiru turan. Maqaan isaanii Eldaadii fi Meedaad jedhama ture. Isaan warra maqaan isaanii galmeeffame keessaa waan turaniif hafuurichi isaan irras buʼuu jalqabe; isaan garuu gara dunkaanichaa hin deemne turan. Kanaafuu, isaan buufaticha keessatti akka raajotaa taʼuu jalqaban. 27 Dargaggeessi tokkos fiigee dhufee, “Eldaadii fi Meedaad buufaticha keessatti akka raajotaa taʼaa jiru!” jedhee Museetti hime. 28 Achiis Iyyaasuun+ ilmi Nuun inni ijoollummaa isaatii jalqabee tajaajilaa Musee ture deebisee, “Yaa gooftaa koo Musee, isaan dhowwi!”+ jedhe. 29 Museen garuu, “Ati anaaf hinaaftee? Sabni Yihowaa hundi raajota utuu taʼanii, Yihowaanis hafuura isaa utuu isaan irra buusee nan gammadan ture!” isaan jedhe. 30 Boodas Museen jaarsolii Israaʼelii wajjin gara buufatichaatti deebiʼe.
31 Achiis bubbeen tokko Yihowaa biraa dhufee galaanicha irraa dimbiriqqee* oofee fidee naannoo buufatichaatti akka bubuʼan godhe;+ simbirroonni sun gama tokkoon gara adeemsa guyyaa tokkoo, gama kan biraatiinis gara adeemsa guyyaa tokkoo guutummaa naannoo buufatichaa bubbuʼanii turan; lafa irras gara dhundhuma* lamaa ol tuulamanii turan. 32 Kanaafuu, sabichi guyyaa sana guutuu, halkan sana guutuu fi guyyaa itti aanu guutuu dimbiriqqee sana walitti qabachaa oole. Namni homeerii* kudhanii gad walitti qabate hin jiru ture; isaanis guutummaa naannoo buufatichaatti isaan ni afan. 33 Haa taʼu malee, foonichi alanfatamuu isaa dura, utuma ilkaan isaanii gidduu jiruu aariin Yihowaa sabicha irratti ni bobaʼe; Yihowaanis sabicha gidduudhaa namoota hedduu fixuu jalqabe.+
34 Isaan namoota fedhii ofittummaa argisiisan+ sana achitti waan awwaalaniif, maqaa iddoo sanaa Qibroot Hataawaa*+ jedhanii moggaasan. 35 Namoonni sun Qibroot Hataawaa irraa kaʼanii gara Hazeroot deemanii achuma Hazeroot keessa ni turan.+
12 Yeroo kanatti inni dubartii biyya Kuush fuudhee waan tureef, dubartii biyya Kuush fuudhe sanaan kan kaʼe+ Miiriyaamii fi Aaron Musee mormanii dubbatan. 2 Isaan, “Yihowaan kan dubbate karaa Musee qofa dhaa? Karaa keenya hoo hin dubbannee?”+ jedhu turan. Yihowaanis kana dhagaʼaa ture.+ 3 Museen namoota lafa irra jiran hundumaa caalaa garraamii ture.*+
4 Yihowaanis akkuma tasaa Musee, Aaronii fi Miiriyaamiin, “Sadan keessan iyyuu gara dunkaana walgaʼiitti gad baʼaa” jedhe. Kanaafuu, sadan isaanii iyyuu gad ni baʼan. 5 Yihowaanis utubaa duumessaa keessaan gad ni buʼe;+ achiis balbala dunkaanichaa dura dhaabbatee Aaronii fi Miiriyaamiin ni waame. Lamaan isaaniis gara fuulduraatti ni baʼan. 6 Innis akkana isaaniin jedhe: “Maaloo, dubbii koo dhagaʼaa. Raajiin Yihowaa tokko isin gidduu utuu jiraatee, ani mulʼataan+ eenyummaa koo isatti nan beeksisa, akkasumas abjuudhaan+ isatti nan dubbadhan ture. 7 Haa taʼu malee, walitti dhufeenyi ani tajaajilaa koo Musee wajjin qabu akkana miti! Guutummaan mana kootii imaanaadhaan isatti kennameera.*+ 8 Ani fuulaa fuulatti,*+ karaa namaaf hin galleen utuu hin taʼin ifatti isatti nan dubbadha; inni fuula Yihowaa ni arga. Maarree isin tajaajilaa koo Musee mormitanii dubbachuu kan hin sodaanne maaliifi?”
9 Kanaafuu, aariin Yihowaa isaan irratti ni bobaʼe; innis isaan biraa deeme. 10 Duumessichis dunkaanicha irraa ni kaʼe; yeroo kanatti kunoo, Miiriyaam dhukkuba nadaayiitiin rukutamtee akkuma cabbii addaatte.+ Aaron yommuu gara Miiriyaamitti garagalu akka ishiin dhukkuba nadaayiitiin rukutamte arge.+ 11 Innis yeruma sana Museedhaan akkana jedhe: “Yaa gooftaa koo, sin kadhadha! Maaloo, cubbuu kana nutti hin lakkaaʼin! Wanti raawwanne kun gocha gowwummaa ti. 12 Maaloo, ishiin akka daaʼima duʼee fi foon isaa walakkaan nyaatamee dhalate taatee akka itti fuftu hin godhin!” 13 Museenis, “Yaa Waaqayyo, maaloo ishii fayyisi! Maaloo!” jedhee gara Yihowaatti iyyuu jalqabe.+
14 Yihowaanis deebisee Museedhaan akkana jedhe: “Abbaan ishii fuula ishii irratti utuu tufee, ishiin akkuma salphattetti guyyaa torbaaf ni turti mitii? Ammas ishiin guyyaa torbaaf namoota irraa adda baafamtee buufatichaa ala haa turtu;+ sana booda gara buufatichaatti deebifamuu dandeessi.” 15 Kanaafuu, Miiriyaam guyyaa torbaaf namoota irraa addaan baafamtee buufatichaa ala ni turte;+ sabichis hamma Miiriyaam deebifamtutti dunkaana isaa buqqisee hin deemne. 16 Sana booda sabichi Hazeroot+ keessaa baʼee lafa onaa Phaaraan keessa buufate.+
13 Achiis Yihowaan akkana jechuudhaan Museetti dubbate: 2 “Biyya Kanaʼaan isa ani Israaʼelotaaf kennuuf jedhu akka basaasaniif namoota ergi. Tokkoon tokkoon gosa abbootii keessaa nama isaan gidduutti+ ajajaa+ taʼe tokko ergi.”
3 Museenis akkuma Yihowaan ajajetti lafa onaa Phaaraan+ keessaa isaan ni erge. Namoonni sun hundi dura buutota Israaʼelotaa turan. 4 Maqaan isaanii kana ture: gosa Ruuben keessaa Shaamuʼaa ilma Zaakur, 5 gosa Simiʼoon keessaa Shaafaat ilma Hoorii, 6 gosa Yihudaa keessaa Kaaleb+ ilma Yofunee, 7 gosa Yisaakor keessaa Yigʼaal ilma Yoseef, 8 gosa Efreem keessaa Hosheʼaa+ ilma Nuun, 9 gosa Biiniyaam keessaa Paaltii ilma Raafuu, 10 gosa Zaabiloon keessaa Gaadiʼel ilma Soodii, 11 gosa Yoseef+ keessaa gosa Minaaseetiif+ Gaadii ilma Suusii, 12 gosa Daan keessaa Amiʼel ilma Gemaalii, 13 gosa Asheer keessaa Setuur ilma Mikaaʼel, 14 gosa Niftaalem keessaa Naahbii ilma Wofsii, 15 gosa Gaad keessaa immoo Gewuʼel ilma Maakii. 16 Maqaan namoota Museen biyyattii akka basaasaniif erge sanaa kana ture. Museenis maqaa Hosheʼaa ilma Nuun Iyyaasuu*+ jedhee moggaase.
17 Museen biyya Kanaʼaan akka basaasan yommuu isaan ergetti akkana isaaniin jedhe: “Gara Negeebitti ol baʼaa; achiis gara naannoo gaarotaatti ol baʼaa.+ 18 Biyyattiin kan akkamii akka taate,+ namoonni ishii keessa jiraatanis ciccimoo yookiin dadhaboo, muraasa yookiin hedduu taʼuu isaanii, 19 akkasumas biyyattiin gaarii yookiin badaa taʼuu ishii fi magaalonni isaan keessa jiraatan dallaa kan hin qabne yookiin dallaa dhagaa kan qaban taʼuu isaanii ilaalaa. 20 Kana malees, biyyattiin soorettii* yookiin hiyyeettii* taʼuu ishii,+ akkasumas ishii keessa mukeetiin jiraachuu fi dhiisuu isaanii ilaalaa. Onnatoo taʼaa;+ firii biyyattii keessaas muraasa fidaa kottaa.” Yeroon kun tibba firiin wayinii inni jalqabaa itti bilchaatu ture.+
21 Kanaafuu, isaan ol baʼanii lafa onaa Ziin+ irraa hamma Rehoob+ ishii Lebo Hamaat*+ biratti argamtuutti biyyattii ni basaasan. 22 Yommuu gara Negeebitti ol baʼanis, gara Kebroon+ ishii Ahimaan, Sheshaayii fi Taalmaay+ warri Anaaqim+ taʼan keessa jiraachaa turanii ni dhufan. Kebroon kan ijaaramte, Zoʼaan ishiin Gibxii ijaaramuu ishii waggaa torba dura ture. 23 Yommuu Sulula* Eshkool+ gaʼanitti, damee firii wayinii walitti tuutaʼe qabuu fi namoota lamaan uleedhaan baatamu tokko bakka sanaa ni kutan; akkasumas romaanii fi harbuu muraasa ni fidan.+ 24 Isaan firii walitti tuutaʼe isa Israaʼelonni achii kutaniin kan kaʼe maqaa iddoo sanaa Sulula* Eshkool*+ jedhanii moggaasan.
25 Guyyaa 40 boodas,+ biyyattii basaasanii deebiʼan. 26 Kanaafuu, isaan Qaadesh+ ishii lafa onaa Phaaraan keessatti argamtutti gara Musee, gara Aaronii fi gara guutummaa yaaʼii Israaʼelitti deebiʼan. Isaanis guutummaa yaaʼichaatiif oduu fidanii dhufan; akkasumas firii biyyattii isaanitti argisiisan. 27 Oduun isaan Museetti himan kana ture: “Gara biyyattii ati itti nu ergitetti seenneerra; ishiin dhugumaan biyya aannanii fi damma maddisiistu dha;+ firiin ishiis kunoo ti.+ 28 Haa taʼu malee, namoonni biyyattii keessa jiraatan ciccimoo dha; magaalonni isaanii warri dallaa dhagaa qabanis baayʼee guguddoo dha. Anaaqimiinis achitti argineerra.+ 29 Amaaleqonni+ biyya Negeeb+ keessa jiraatu; Heetonni, Yebuusonnii+ fi Amooronni+ naannoo gaarotaa keessa jiraatu; Kanaʼaanonni+ immoo galaanicha bira,+ akkasumas Yordaanos qarqara jiraatu.”
30 Achiis Kaaleb, “Ammuma kaanee ol haa baanu; nuti dhugumaan ishii waan moonuuf, biyyattii dhaalaan akka fudhannu homaa hin shakkinu” jechuudhaan uummata Musee dura dhaabbate sana tasgabbeessuuf yaale.+ 31 Namoonni isaa wajjin ol baʼanii turan sun garuu, “Isaan nu caalaa ciccimoo waan taʼaniif, ol baanee namoota sana waraanuu hin dandeenyu” jedhan.+ 32 Achiis biyyattii basaasanii turan sana ilaalchisee akkana jechuudhaan oduu gaarii hin taane+ Israaʼelotatti himan: “Biyyattiin basaasuuf keessa darbine sun biyya jiraattota ishii nyaattu dha; namoonni nuti ishii keessatti argine hundis namoota akka malee guguddaa taʼani dha.+ 33 Achittis Nefiliimota, jechuunis ilmaan Anaaq+ warra sanyii Nefiliim taʼan argineerra; ija keenyaanis taʼe ija isaaniitiin yeroo wal bira qabamnee ilaalamnu nuti isaaniif akka kuruphisaa ti.”
14 Achiis guutummaan yaaʼichaa sagalee isaa ol kaasee iyye; sabichis halkan sana guutuu iyyaa fi booʼaa bule.+ 2 Israaʼelonni hundis Musee fi Aaron irratti gungumuu jalqaban;+ guutummaan yaaʼichaas akkana jechuudhaan isaan mormee dubbate: “Maal taʼa, biyya Gibxii keessatti yookiin lafa onaa kana keessatti utuu duuneerra taʼee! 3 Goraadeedhaan akka dhumnuuf Yihowaan gara biyya kanaatti kan nu fide maaliifi?+ Haadhotiin manaa keenyaa fi ijoolleen keenya ni boojiʼamu.+ Gara biyya Gibxiitti utuu deebinee nuuf hin wayyuu?”+ 4 Kana irra darbees isaan, “Kottaa geggeessaa tokko muudnee gara biyya Gibxiitti haa deebinu!” waliin jedhu turan.+
5 Yeroo kanatti Musee fi Aaron guutummaa gumii Israaʼel isa walitti qabame duratti adda isaaniitiin lafatti gombifaman. 6 Iyyaasuu+ ilmi Nuunii fi Kaaleb+ ilmi Yofunee warri namoota biyyattii basaasan keessa tokko turan uffata isaanii tarsaasanii, 7 guutummaa yaaʼii Israaʼeliin akkana jedhan: “Biyyattiin basaasuuf keessa darbine sun biyya baayʼee gaarii taate dha.+ 8 Yihowaan nutti gammadeera yoo taʼe, dhugumaan biyya aannanii fi damma maddisiistu+ kanatti nu galcha; ishiis nuuf kenna. 9 Isin garuu Yihowaa irratti hin fincilinaa; namoota biyyattiis hin sodaatinaa;+ sababiin isaas, nuti akkuma buddeenaatti isaan ni nyaanna.* Eegduun isaanii isaan dhiiseera; Yihowaan nuu wajjin jira.+ Isaan hin sodaatinaa.”
10 Guutummaan yaaʼichaa garuu dhagaadhaan isaan tumuuf mariʼate.+ Taʼus ulfinni Yihowaa dunkaana walgaʼii irratti guutummaa saba Israaʼelitti ni mulʼate.+
11 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Sabni kun hamma yoomiitti na tuffata?+ Mallattoowwan kana hundumaa isaan gidduutti kanan raawwadhe taʼus isaan hamma yoomiitti natti hin amanan?+ 12 Golfaadhaan rukutee isaan nan balleessa; siin garuu saba isaan caalaa guddaa fi jabaa taʼe nan godha.”+
13 Museen garuu Yihowaadhaan akkana jedhe: “Yeroo kanatti warri Gibxii warri ati humna keetiin saba kana isaan gidduudhaa baaste sun kana ni dhagaʼu;+ 14 achiis waaʼee kanaa jiraattota biyya kanaatti ni himu. Isaan ati Yihowaan saba kana gidduu akka jirtuu+ fi fuulaa fuulatti akka isaanitti mulʼattes dhagaʼaniiru.+ Ati Yihowaa dha; duumessi kees isaan gararraa buufateera; guyyaa utubaa duumessaatiin, halkan immoo utubaa ibiddaatiin isaan dura ni deemta.+ 15 Ati saba kana hundumaa takkaatti* yoo ajjeeste, saboonni maqaa gaarii ati qabdu dhagaʼanii turan akkana jedhu: 16 ‘Yihowaan saba kana gara biyya isaaniif kennuuf kakatetti galchuu waan hin dandeenyeef, lafa onaa keessatti isaan fixe.’+ 17 Ammas yaa Yihowaa, maaloo, akkana jechuudhaan akkuma waadaa galtetti humni kee guddaa haa taʼu: 18 ‘Yihowaa, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe,+ dogoggoraa fi balleessaa kan namaaf dhiisu, taʼus, isa balleessaa qabu matumaa utuu hin adabin kan hin dhiisne, balleessaa abbootiin raawwataniif ilmaan isaanii, dhaloota sadaffaa fi dhaloota arfaffaa kan adabu.’+ 19 Akkuma biyya Gibxiitii jalqabee hamma ammaatti saba kanaaf dhiifama goote, maaloo ammas akkuma jaalala kee isa amanamaa isa guddaa taʼe sanaatti balleessaa saba kanaatiif dhiifama godhi.”+
20 Achiis Yihowaan akkana jedhe: “Akkuma ati jettetti dhiifama isaaniif nan godha.+ 21 Haa taʼu malee, jiraataa taʼuu kootiin nan kakadha, guutummaan lafaa ulfina Yihowaatiin ni guutamti.+ 22 Haa taʼu malee, namoota ulfina koo fi mallattoowwan koo+ warra ani biyya Gibxii keessattii fi lafa onaa keessatti raawwadhe kan argan taʼus warra yeroo kudhan na qoranii+ fi sagalee koo hin dhageenye+ kana keessaa tokko illee 23 matumaa biyya ani abbootii isaaniitiif kennuuf kakadhe hin argan. Namoota na tuffatan kana keessaa tokkoon isaanii illee ishii hin argan.+ 24 Tajaajilaan koo Kaaleb+ garuu ilaalcha* adda taʼe waan qabuuf, akkasumas garaa guutuudhaan ana duukaa waan buʼeef, ani dhugumaan biyya inni dhaqee ture sanatti isa nan galcha; sanyiin isaas ishii ni dhaalu.+ 25 Amaaleqonnii fi Kanaʼaanonni+ sululicha* keessa waan jiraataniif, boru duubatti deebiʼaatii karaa Galaana Diimaatiin gara lafa onaa sanaa dhaqaa.”+
26 Achiis Yihowaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 27 “Yaaʼiin hamaan kun hamma yoomiitti ana irratti gungumuu isaa itti fufa?+ Israaʼelonni maal jedhanii ana irratti akka gunguman dhagaʼeera.+ 28 Akkana isaaniin jedhaa: ‘Yihowaan akkana jedha: “Jiraataa taʼuu kootiin nan kakadha, wantuma ani yeroo isin dubbattan dhagaʼe sana isin irratti nan raawwadha!+ 29 Warri umuriin keessan waggaa 20 fi isaa ol taʼee galmeeffamtan hundi, jechuunis warri ana irratti gungumtan hundi+ reeffi keessan lafa onaa kana keessatti ni kukkufa.+ 30 Kaaleb ilma Yofunee fi Iyyaasuu ilma Nuuniin alatti+ tokkoon keessan illee biyya akka keessa jiraattan isiniif kakadhetti* hin galtan.+
31 “‘“Ani ijoollee keessan warra isin akka boojiʼaman dubbattan+ achitti nan galcha; isaanis biyya isin tuffattan sana ni beeku.+ 32 Reeffi keessan garuu lafa onaa kana keessatti ni kukkufa. 33 Ilmaan keessanis lafa onaa keessatti waggaa 40f tiksitoota ni taʼu;+ isaan isin keessaa hamma reeffi nama isa dhumaa lafa onaa keessatti kufutti+ amanamoo utuu hin taʼin hafuu* keessaniif deebii ni kennu. 34 Anaan mormuu* jechuun maal jechuu akka taʼe akka beektaniif, akkuma guyyoota 40mman biyyattii itti basaastan sanaatti,+ jechuunis guyyaan tokko akka waggaa tokkootti lakkaaʼamee waggaa 40f balleessaa keessaniif deebii ni kennitu.+
35 “‘“Ani Yihowaan dubbadheera. Guutummaa yaaʼii hamaa taʼe isa anaan mormuudhaan walitti qabame kana irratti akkana nan godha: Isaan lafa onaa kana keessatti ni dhumu; asumattis ni duʼu.+ 36 Namoonni warri biyyattii akka basaasaniif Museen ergee turee fi waaʼee biyyattii oduu hamaa fiduudhaan guutummaan yaaʼichaa akka isa irratti gungumu godhan,+ 37 eeyyee, namoonni waaʼee biyyattii oduu hamaa fidan sun rukutamanii Yihowaa duratti ni duʼu.+ 38 Iyyaasuu ilmi Nuunii fi Kaaleb ilmi Yofunee warri namoota biyyattii basaasuuf deeman keessaa tokko turan sun garuu, dhugumaan lubbuudhaan ni jiraatu.”’”+
39 Museen wantoota kana Israaʼelota hundumaatti yommuu himu, sabichi baayʼee ni gadde. 40 Kana malees isaan ganama bariidhaan kaʼanii, “Nuti cubbuu waan hojjenneef, kunoo gara bakka Yihowaan waaʼee isaa dubbate sanaatti ol baʼuuf qophoofneerra” jedhanii gara fiixee gaarichaatti ol baʼuuf yaalii godhan.+ 41 Museen garuu akkana isaaniin jedhe: “Isin ajaja Yihowaa irra darbitanii kan deemtan maaliifi? Isiniif hin milkaaʼu. 42 Yihowaan isinii wajjin waan hin jirreef achitti ol hin baʼinaa; diinonni keessan isin ni injifatu.+ 43 Sababiin isaas, Amaaleqonnii fi Kanaʼaanonni achitti isinitti ni dhufu;+ isinis goraadeedhaan ni kukkuftu. Yihowaa duukaa buʼuu irraa waan garagaltaniif, Yihowaan isinii wajjin hin taʼu.”+
44 Haa taʼu malee, isaan of tuulummaadhaan gara fiixee gaarichaatti ol ni baʼan;+ taabonni kakuu Yihowaa fi Museen garuu buufaticha walakkaadhaa hin sochoone.+ 45 Achiis Amaaleqonnii fi Kanaʼaanonni warri gaaricha irra jiraachaa turan gad buʼanii isaan ni rukutan; hamma Hoormaattis akka bibittinnaaʼan ni godhan.+
15 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Isin dhuma irratti gara biyya akka keessa jiraattaniif ani isiniif kennutti yommuu galtan,+ 3 horii keessan yookiin bushaayee keessan keessaa, aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu*+ gootanii dhiheessuuf aarsaa gubamu+ yookiin aarsaa wareega addaa raawwachuuf dhihaatu yookiin aarsaa fedhiidhaan dhihaatu+ yookiin aarsaa ayyaanota keessan warra yeroo murtaaʼetti kabajamanitti dhihaatu+ yommuu dhiheessitan, 4 namni aarsaa isaa dhiheessu, aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa+ eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko taʼee fi zayitii hiinii* tokko keessaa harka afur keessaa harka tokkoon makame Yihowaadhaaf haa dhiheessu. 5 Kana malees, ati daadhii wayinii hiinii tokko keessaa harka afur keessaa harka tokko aarsaa dhugaatii gootee aarsaa gubamuu wajjin+ yookiin aarsaa xobbaallaa hoolaa kormaa tokkoo wajjin ni dhiheessita. 6 Yookiin korbeessa hoolaa tokkoof, aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa safartuu eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lama taʼee fi zayitii hiinii tokko keessaa harka sadii keessaa harka tokkoon makame ni dhiheessita. 7 Daadhii wayinii hiinii tokko keessaa harka sadii keessaa harka tokko aarsaa dhugaatii urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootee ni dhiheessita.
8 “‘Haa taʼu malee, horii kee keessaa jibicha tokko aarsaa gubamu+ yookiin aarsaa wareega addaa+ raawwachuuf dhihaatu yookiin aarsaa gamtaa gootee Yihowaadhaaf kan dhiheessitu+ yoo taʼe, 9 jibicha sanaa wajjin aarsaa midhaanii+ daakuu bullaaʼaa eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii taʼee fi zayitii walakkaa hiinii tokkoon makame dhiheessi. 10 Kana malees, daadhii wayinii walakkaa hiinii tokkoo aarsaa dhugaatii+ ibiddaan dhihaatuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootee ni dhiheessita. 11 Tokkoon tokkoon jibichaatiif yookiin tokkoon tokkoon korbeessa hoolaatiif yookiin tokkoon tokkoon hoolota xobbaallaa kormaatiif yookiin tokkoon tokkoon reʼootaatiif akkanuma ni godhama. 12 Aarsaa gootee kan dhiheessitu baayʼinni isaa hammam iyyuu yoo taʼe, akka lakkoofsa isaaniitti tokkoon tokkoon isaaniitiif akkanuma ni goota. 13 Namni dhalootaan sanyii Israaʼel taʼe kam iyyuu aarsaa ibiddaan dhihaatuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* akka kanaan haa dhiheessu.
14 “‘Namni biyya ormaa isinii wajjin jiraatu yookiin namni bara dheeraadhaaf isin gidduu jiraachaa ture tokko aarsaa ibiddaan dhihaatuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* dhiheessuu qaba yoo taʼe, akkuma isin dhiheessitanitti haa dhiheessu.+ 15 Isin warri gumicha keessa jirtanis taʼe namni biyya ormaa isinii wajjin jiraatu dambii tokko ni qabaattu. Kun guutummaa dhaloota keessaniitiif dambii dhaabbataa ni taʼa. Namni biyya ormaa Yihowaa duratti akkuma keessanitti ilaalama.+ 16 Isiniifis taʼe nama biyya ormaa isinii wajjin jiraatuuf seerri tokkoo fi heerri tokko haa jiraatu.’”
17 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 18 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Gara biyya ani itti isin fidutti galtanii 19 nyaata biyyattii kam iyyuu yommuu nyaattan,+ Yihowaadhaaf buusii godhaa. 20 Oomisha keessan isa jalqabaa keessaa daakuu* isa jalqabaa+ irraa maxinoo bifa amartiitiin tolfame buusii godhaatii kennaa. Buusii kanas akkuma buusii oobdii dhiheessitanitti dhiheessaa. 21 Guutummaa dhaloota keessanii keessatti oomisha keessan isa jalqabaa keessaa daakuu* isa jalqabaa irraa muraasa buusii godhaatii Yihowaadhaaf kennaa.
22 “‘Isin dogoggora yoo raawwattanii fi ajajawwan Yihowaan Museetti dubbate kana hundumaa, 23 jechuunis ajajawwan Yihowaan karaa Musee kenne hundumaa warra guyyaa Yihowaan ajaja itti kenne irraa jalqabee guutummaa dhaloota keessanii keessatti itti fufan yoo eeguu baattan, 24 kunis kan raawwatame dogoggoraan yoo taʼee fi yaaʼichi kana hin beekne yoo taʼe, guutummaan yaaʼichaa aarsaa gubamuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* godhee jibicha tokko haa dhiheessu; isaa wajjinis akkuma yeroo hundumaa godhamutti+ aarsaa midhaanii isaa fi aarsaa dhugaatii isaa haa dhiheessu; aarsaa cubbuutiif akka taʼutti immoo xobbaallaa reʼee tokko haa dhiheessu.+ 25 Lubichis guutummaa yaaʼii Israaʼeliif araara ni argamsiisa; kun dogoggoraan waan raawwatameef, isaanis aarsaa ibiddaan dhihaatuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu waan dhiheessaniif, akkasumas dogoggora isaaniitiif aarsaa cubbuu isaanii Yihowaa duratti waan dhiheessaniif dhiifamni isaaniif ni godhama.+ 26 Kun wanta guutummaan sabichaa dogoggoraan raawwate waan taʼeef, guutummaa yaaʼii Israaʼeliifis taʼe nama biyya ormaa isaan gidduu jiraatuuf dhiifamni ni godhama.
27 “‘Namni* kam iyyuu dogoggoraan cubbuu yoo hojjete, aarsaa cubbuutiif reʼee goromtii gara waggaa tokkoo taate takka haa dhiheessu.+ 28 Namichi utuu itti hin yaadin Yihowaa duratti cubbuu hojjechuudhaan dogoggora raawwate sun araara akka argatuuf, lubichi araara isaaf ni argamsiisa; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama.+ 29 Wanta utuu itti hin yaadin raawwatamee wajjin haala wal qabateen, Israaʼelotaafis taʼe nama biyya ormaa isaan gidduu jiraatuuf seerri tokko haa jiraatu.+
30 “‘Haa taʼu malee, isin keessaas taʼe nama biyya ormaa keessaa namni* tokko taʼe jedhee cubbuu yoo raawwate,+ namni sun Yihowaa waan arrabseef saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu.* 31 Inni dubbii Yihowaa waan tuffateef, akkasumas ajaja isaa waan cabseef, namni* sun mamii tokko malee haa balleeffamu.+ Balleessaan isaa isuma irra ni taʼa.’”+
32 Israaʼelonni utuma lafa onaa keessa jiranii namni tokko guyyaa Sanbataatti utuu qoraan funaanuu argan.+ 33 Namoonni utuu inni qoraan funaanuu isa argan sunis gara Musee, gara Aaronii fi gara guutummaa yaaʼichaatti isa fidan. 34 Wanti isa irratti raawwatamuu qabu waan hin beekamneef toʼannaa jala akka turu isa godhan.+
35 Yihowaanis Museedhaan, “Namichi mamii tokko malee haa ajjeefamu;+ guutummaan yaaʼichaas buufatichaa alatti dhagaadhaan isa haa tumu”+ jedhe. 36 Kanaafuu, akkuma Yihowaan Musee ajajetti guutummaan yaaʼichaa buufatichaa alatti isa baasee hamma inni duʼutti namicha dhagaadhaan ni tume.
37 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 38 “Israaʼelonni guutummaa dhaloota isaanii keessatti andaara uffata isaanii irratti foʼaa akka tolfatan isaanitti himi; foʼaa andaara uffata isaaniitii olittis foʼaa bifa cuquliisaa tokko haa godhan.+ 39 ‘Isin yommuu isa ilaaltanitti ajajawwan Yihowaa hundumaa akka yaadattanii fi akka eegdaniif andaarri uffata keessanii foʼaa kana haa qabaatu.+ Garaa fi ija keessan warra karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwachuutti isin geessan hin hordofinaa.+ 40 Ajajni kun kana yaadachuuf isin gargaara; isinis ajajawwan koo hundumaa ni eegdu; Waaqa keessaniifis qulqulluu ni taatu.+ 41 Ani Waaqa keessan Yihowaa isa Waaqa keessan taʼuu koo mirkaneessuuf biyya Gibxii keessaa isin baase dha.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.’”+
16 Achiis Qoraan+ inni ilma Yizhaar,+ ilma Qehaat,+ ilma Leewwii+ taʼe, ilmaan Ruuben+ keessaa Daataanii fi Abiraam warra ilmaan Eeliyaab+ taʼan, akkasumas Oon isa ilma Peelet taʼee wajjin ni kaʼe. 2 Isaan namoota Israaʼel 250 warra ajajjoota yaaʼichaa taʼan, warra gumicha keessaa filatamanii fi beekamoo taʼanii wajjin Musee irratti kaʼan. 3 Isaan Musee fi Aaroniin mormuudhaan+ walitti qabamanii, “Waaʼeen keessan nu gaʼeera! Guutummaan yaaʼichaa, hundumti isaanii qulqulluu dha;+ Yihowaanis isaan gidduu jira.+ Maarree, isin gumii Yihowaa irratti kan of guguddistan maaliifi?” isaaniin jedhan.
4 Museen kana yommuu dhagaʼu, yeruma sana adda isaatiin lafatti gombifame. 5 Achiis Qoraa fi deggertoota isaa hundumaatiin akkana jedhe: “Yihowaan kan isaa kan taʼe eenyu akka taʼe,+ akkasumas qulqulluu kan taʼee fi isatti dhihaachuu kan qabu eenyu akka taʼe+ ganama ni beeksisa; namni inni filatus+ isatti ni dhihaata. 6 Akkana godhaa: Qoraa fi deggertoonni kee hundi+ qodaawwan ibiddaa fudhadhaa;+ 7 achiis boru Yihowaa duratti ibidda itti naqaatii ixaana isaan irra kaaʼaa; namni Yihowaan filatu+ sun inni qulqulluu dha. Isin ilmaan Leewwii+ keessa baataniittu!”
8 Achiis Museen Qoraadhaan akkana jedhe: “Yaa ilmaan Leewwii, maaloo, dhagaʼaa. 9 Waaqni Israaʼel yaaʼii Israaʼel irraa adda isin baasee,+ tajaajila godoo qulqulluu Yihowaa keessatti raawwatamu raawwachuuf akka isatti dhihaattanii fi yaaʼicha tajaajiluuf isaan dura akka dhaabbattan isiniif heyyamuun isaa,+ 10 akkasumas ilmaan Leewwii warra obboloota keessan taʼan hundumaa wajjin ofitti isin dhiheessuun isaa isinitti hanqatee? Maarree isin tajaajila lubummaas fudhachuuf yaaluu qabduu?+ 11 Kanaan kan kaʼes, atii fi deggertoonni kee warri walitti qabamanii jiran hundi Yihowaa mormitaniittu. Aaron irratti kan gungumtan hoo inni eenyu taʼee ti?”+
12 Boodas Museen Daataanii fi Abiraam+ warri ilmaan Eeliyaab taʼan akka dhufan isaanitti dhaame; isaan garuu akkana jedhan: “Nuti hin dhufnu! 13 Lafa onaa keessatti nu ajjeesuuf biyya aannanii fi damma maddisiistu keessaa nu baasuun kee sitti hanqatee?+ Amma immoo bulchaa hundumaa irra caalu nu irratti of gochuu* barbaaddaa? 14 Kana malees, ati biyya aannanii fi damma maddisiistu kamitti iyyuu nu hin galchine yookiin maasii fi maasii wayinii dhaalaan nuuf hin kennine.+ Maarree, namoonni kun akka jaamaatti si duukaa akka buʼan* barbaaddaa? Nuti hin dhufnu!”
15 Kanaan kan kaʼes, Museen baayʼee aaree Yihowaadhaan, “Aarsaa midhaanii isaanii ilaaluuf hin garagalin. Ani harree tokko illee isaan jalaa hin fudhanne yookiin isaan keessaa nama tokko illee hin miine”+ jedhe.
16 Achiis Museen Qoraadhaan akkana jedhe: “Ati, isaan, akkasumas Aaron, deggertoota kee hundumaa wajjin boru Yihowaa duratti dhihaadhaa. 17 Tokkoon tokkoon namaa qodaa ibiddaa isaa fudhatee ixaana isa irra haa kaaʼu; tokkoon tokkoon namaa qodaa ibiddaa isaa Yihowaa duratti haa dhiheessu; isaan walumatti qodaawwan ibiddaa 250 haa dhiheessan; sii fi Aaroniin dabalatee tokkoon tokkoon keessan qodaa ibiddaa keessan qabadhaa dhihaadhaa.” 18 Kanaafuu, isaan tokkoon tokkoon isaanii qodaa ibiddaa isaanii ni fudhatan; achiis ibidda itti naqanii ixaana isaan irra kaaʼan; sana boodas Musee fi Aaronii wajjin balbala dunkaana walgaʼii dura dhaabbatan. 19 Qoraan balbala dunkaana walgaʼii duratti deggertoota+ isaa yommuu isaan irratti walitti qabu, ulfinni Yihowaa guutummaa yaaʼichaatti mulʼate.+
20 Yeroo kanatti Yihowaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 21 “Ani hatattamaan haxaaʼee akkan isaan balleessuuf, tuuta kana gidduudhaa adda of baasaa.”+ 22 Isaanis adda isaaniitiin lafatti gombifamanii, “Waaqa hafuura nama* hundumaa kan taate yaa Waaqayyo,+ cubbuu nama tokkootiin kan kaʼe guutummaa yaaʼichaa irratti ni dheekkamtaa?”+ jedhan.
23 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 24 “‘Naannoo dunkaanota Qoraa, Daataanii fi Abiraam irraa fagaadhaa!’ jedhiitii yaaʼichatti himi.”+
25 Museenis kaʼee gara Daataanii fi gara Abiraam dhaqe; jaarsoliin+ Israaʼelis isaa wajjin dhaqan. 26 Innis yaaʼichaan, “Isin cubbuu isaanii hundumaatiin haxaaʼamtanii akka hin balleeffamneef, maaloo, dunkaanota namoota hamoo kanaa irraa fagaadhaa; wanta kan isaanii taʼe kam iyyuu hin tuqinaa” jedhe. 27 Isaanis yeruma sana kallattii hundumaatiin dunkaanota Qoraa, Daataanii fi Abiraam irraa ni fagaatan; Daataanii fi Abiraamis gad baʼanii haadhotii manaa isaanii, ilmaan isaanii fi ijoollee isaanii warra xixinnoo wajjin balbala dunkaanota isaanii dura dhaabbatan.
28 Achiis Museen akkana jedhe: “Wantoota kana hundumaa kanan godhe ofii kootiin kakaʼee utuu hin taʼin Yihowaan na ergee akka taʼe kanaan ni beektu: 29 Namoonni kun kan duʼan akkuma namoonni hundi duʼanitti yoo taʼee fi adabni isaan irra gaʼus adabuma namoota hundumaa irra gaʼu yoo taʼe, Yihowaan na hin ergine jechuu dha.+ 30 Haa taʼu malee, Yihowaan wanta adda taʼe isaan irratti yoo raawwate, laftis banamtee* isaanii fi wanta kan isaanii taʼe hundumaa yoo liqimsite, isaanis akkuma lubbuudhaan jiranitti gara Awwaalaatti* yoo gad buʼan, namoonni kun Yihowaa akka tuffatan dhugumaan ni beektu.”
31 Inni wantoota kana hundumaa dubbatee akkuma xumureenis, lafti isaan irra dhaabbatan ni baqaqxe.+ 32 Lafattiinis banamtee* isaanii fi maatii isaanii, akkasumas nama kan Qoraa taʼe hundumaa+ fi miʼawwan isaanii hundumaa ni liqimsite. 33 Kanaafuu, isaanii fi wanti kan isaanii taʼe hundi akkuma lubbuudhaan jiranitti gara Awwaalaatti* gad ni buʼan; lafattiinis isaan irratti ni deebite; akka kanaan, isaan gumicha gidduudhaa ni balleeffaman.+ 34 Israaʼelonni warri naannoo isaanii turan hundis iyya isaanii yommuu dhagaʼan, “Lafti akka nu hin liqimsine sodaanneerra!” jedhanii baqatan. 35 Achiis ibiddi Yihowaa biraa baʼee+ namoota 250 warra ixaana aarsaa turan sana ni nyaate.+
36 Yeroo kanatti Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 37 “Qodaawwan ibiddaa+ kun qulqulluu waan taʼaniif, Eleʼazaar ilmi Aaron lubichaa ibidda keessaa akka isaan fuudhu itti himi. Ibiddichas achi fageessee akka bittinneessu itti himi. 38 Isaan qodaawwan ibiddaa kana Yihowaa duratti dhiheessuu isaaniitiin kan kaʼe qodaawwan kun qulqulluu waan taʼaniif, qodaawwan ibiddaa namoota cubbuu hojjechuudhaan lubbuu isaanii dhaban* sanaa iddoo aarsaa sana uwwisuuf+ haphifamanii haa tumaman. Isaanis Israaʼelotaaf mallattoo haa taʼan.”+ 39 Kanaafuu, Eleʼazaar lubichi qodaawwan ibiddaa sibiila diimaa warra namoonni ibiddaan gubatan sun dhiheessan fuudhee iddoo aarsaa sana uwwisuuf ni tume; 40 kanas kan godhe akkuma Yihowaan karaa Musee isatti himetti ture. Kunis namni sanyii Aaron keessaa hin taanee fi isaaf hin heyyamamne* kam iyyuu Yihowaa duratti ixaana aarsuuf akka hin dhihaanne,+ akkasumas eenyu iyyuu akka Qoraa fi akka deggertoota isaa akka hin taane Israaʼelota kan yaadachiisu dha.+
41 Guyyaa itti aanuttis guutummaan yaaʼii Israaʼel, “Isin lamaan saba Yihowaa ajjeestaniittu” jedhanii Musee fi Aaron irratti gungumuu jalqaban.+ 42 Yaaʼichi Musee fi Aaroniin mormee yommuu walitti qabametti, isaan gara dunkaana walgaʼiitti garagalanii yommuu ilaalan, kunoo, duumessi dunkaanicha ni uwwise; ulfinni Yihowaas mulʼachuu jalqabe.+
43 Musee fi Aaronis gara fuuldura dunkaana walgaʼii sanaa ni dhaqan;+ 44 Yihowaanis Museedhaan akkana jedhe: 45 “Namoota nana, ani hatattamaan haxaaʼee akkan isaan balleessuuf,+ yaaʼii kana gidduudhaa adda of baasaa.” Yeroo kanatti isaan adda isaaniitiin lafatti gombifaman.+ 46 Achiis Museen Aaroniin, “Dheekkamsi Yihowaa biraa waan baʼeef, ati qodaa ibiddaa fudhadhu; iddoo aarsaa sana irraas ibidda fuudhiitii achi irra kaaʼi;+ ixaanas isa irra kaaʼi; achiis dafii gara yaaʼichaa dhaqiitii araara isaaniif argamsiisi.+ Dhaʼichi sun jalqabeera!” jedhe. 47 Aaronis akkuma Museen jedhe yeruma sana isa fudhatee gara gumicha walakkaatti fiige; yeroo kanatti dhaʼichi sun gumicha gidduutti jalqabee ture. Kanaafuu, inni ixaanicha qodaa ibiddaa irra kaaʼee sabichaaf araara argamsiisuu jalqabe. 48 Innis warra duʼanii fi warra lubbuudhaan jiran gidduu dhaabbatee ture; dhaʼichi sunis suutuma suuta ni dhaabbate. 49 Warra sababii Qoraatiin duʼan utuu hin dabalatin, namoonni dhaʼicha sanaan duʼan 14,700 turan. 50 Dhuma irratti Aaron balbala dunkaana walgaʼii duratti gara Museetti yommuu deebiʼu, dhaʼichi sun dhaabbatee ture.
17 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Israaʼelotatti dubbadhu; tokkoon tokkoon mana abbootii+ irraa, jechuunis ajajjoota tokkoon tokkoon mana abbootii irraa ulee tokko tokko, walumaa galatti uleewwan 12 fudhadhu. Maqaa tokkoon tokkoon isaaniis ulee isaanii irratti barreessi. 3 Tokkoon tokkoon dura buutota mana abbootii irraa uleen tokko tokko waan fudhatamuuf, maqaa Aaron ulee Leewwii irratti barreessi. 4 Uleewwan kana dunkaana walgaʼii keessa Dhugaa Baatuu+ sana dura, bakka ani yeroo hundumaa isinitti itti mulʼadhu+ sana kaaʼi. 5 Uleen nama ani filadhuu+ ni lata; anis gungummii Israaʼelonni ana irrattii+ fi isin irratti gunguman+ nan dhaabsisa.”
6 Kanaafuu, Museen Israaʼelotatti ni dubbate; ajajjoonni isaanii hundis tokkoon tokkoon ajajjoota mana abbootiitiif ulee tokko tokko godhanii walumaa galatti uleewwan 12 isaaf ni kennan; uleen Aaronis uleewwan isaanii gidduu jira ture. 7 Achiis Museen uleewwan sana dunkaana Dhugaa Baatuu keessa Yihowaa dura ni kaaʼe.
8 Guyyaa itti aanutti Museen yommuu gara dunkaana Dhugaa Baatuu sanaatti seenu, kunoo, uleen Aaron inni mana Leewwii bakka buʼu latee, daraaree, abaaboo baafatee fi firii almoondii bilchaate godhatee ture. 9 Achiis Museen uleewwan sana hundumaa Yihowaa duraa gara guutummaa saba Israaʼelitti gad ni baase. Isaanis uleewwan sana ni ilaalan; tokkoon tokkoon isaaniis ulee ofii isaanii ni fudhatan.
10 Achiis Yihowaan Museedhaan, “Gungummiin isaan ana irratti gunguman akka dhaabbatuuf, akkasumas isaan akka hin duuneef, ilmaan fincilaa+ sanaaf mallattoo akka taʼuuf+ ulee Aaron+ deebisiitii Dhugaa Baatuu sana dura kaaʼi” jedhe. 11 Museenis yeruma sana akkuma Yihowaan isa ajaje ni godhe. Inni akkanuma ni godhe.
12 Israaʼelonnis yeroo kanatti Museedhaan akkana jedhan: “Amma duʼuu keenya; dhugumaan dhumuu keenya; hundi keenya dhumuuf jenna! 13 Namni godoo qulqulluu Yihowaatti dhihaatu kam iyyuu ni duʼa!+ Akka kanaan duunee dhumuuf jennaa?”+
18 Achiis Yihowaan Aaroniin akkana jedhe: “Ati, ilmaan kee fi miseensonni mana abbootii keetii warri sii wajjin jiran dogoggora iddoo qulqulluu+ irratti raawwatamu kamiif iyyuu itti gaafatamtu; kana malees, atii fi ilmaan kee warri sii wajjin jiran dogoggora lubummaa keessan irratti raawwatamu kamiif iyyuu itti gaafatamtu.+ 2 Isaan sii wajjin akka taʼaniif, akkasumas dunkaana Dhugaa Baatuu sana duratti+ sii fi ilmaan kee akka tajaajilaniif,+ obboloota kee warra gosa Leewwii, jechuunis gosa abbootii keetii taʼan dhiheessi. 3 Isaan sii fi guutummaa dunkaanichaatiif itti gaafatamummaa qaban ni raawwatu.+ Haa taʼu malee, isaanis taʼan isin akka hin duuneef, isaan gara miʼawwan iddoo qulqulluuttii fi iddoo aarsaatti dhihaachuu hin qaban.+ 4 Isaan sii wajjin taʼanii dunkaana walgaʼii fi tajaajila dunkaanichaa wajjin wal qabate hundumaa ilaalchisee itti gaafatamummaa qaban ni raawwatu; namni isaaf hin heyyamamne* kam iyyuu isinitti hin dhihaatin.+ 5 Dheekkamsi dabalataa+ saba Israaʼel irratti akka hin dhufneef, isin iddoo qulqulluu+ fi iddoo aarsaa+ ilaalchisee itti gaafatamummaa qabdan raawwadhaa. 6 Isiniif kennaa akka taʼaniif Israaʼelota gidduudhaa Leewwota warra obboloota keessan taʼan ofii kootiin fudhadheera.+ Isaan tajaajila dunkaana qulqulluu akka raawwataniif Yihowaadhaaf kan kennamani dha.+ 7 Atii fi ilmaan kee hojiiwwan luboota taʼuudhaan raawwattan warra iddoo aarsaa fi wanta golgaa keessa jiruu+ wajjin wal qabataniif itti gaafatamummaa qabdu; isin tajaajila kana raawwachuu qabdu.+ Tajaajila lubummaa kennaa godhee isiniif kenneera; namni isaaf hin heyyamamne* kam iyyuu achitti yoo dhihaate haa ajjeefamu.”+
8 Yihowaan itti fufuudhaan Aaroniin akkana jedhe: “Buusii anaaf godhamu irratti si muudeera.+ Wantoota qulqulluu Israaʼelonni akka gaʼee dhaabbataa taʼetti kennan hundumaa irraa qooda tokko sii fi ilmaan keetiif kenneera.+ 9 Wantoota hundumaa caalaa qulqulluu taʼanii fi aarsaawwan ibiddaan dhihaatan keessaa aarsaawwan midhaanii+ isaanii, aarsaawwan cubbuu+ isaanii fi aarsaawwan yakkaa+ isaanii warra gara kootti fidan dabalatee aarsaan isaan dhiheessan hundi kan kee ni taʼa. Kun sii fi ilmaan keetiif hundumaa caalaa qulqulluu dha. 10 Iddoo hundumaa caalaa qulqulluu taʼe keessatti isa ni nyaatta.+ Dhiirri hundi isa nyaachuu ni dandaʼa. Kun siif qulqulluu dha.+ 11 Kennaawwan isaan aarsaawwan Israaʼelotaa warra sochoofaman+ hundumaa wajjin buusii godhanis+ kan kee ti. Ani wantoota kana siif, akkasumas ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa kee warra sii wajjin jiraniif gaʼee dhaabbataa godhee kenneera.+ Namni qulqulluun mana kee keessa jiru kam iyyuu isa nyaachuu ni dandaʼa.+
12 “Zayitii fi daadhii wayinii haaraa hunda irra caalu hundumaa, akkasumas firii jalqabaa+ midhaan isaanii isa isaan Yihowaadhaaf kennan siif nan kenna.+ 13 Lafa isaanii irraa firiiwwan jalqaba bilchaatan warri isaan Yihowaadhaaf fidan hundi kan kee ni taʼu.+ Namni qulqulluun mana kee keessa jiru kam iyyuu isa nyaachuu ni dandaʼa.
14 “Israaʼel keessatti wanti addaan baafame* kam iyyuu kan kee ni taʼa.+
15 “Namas taʼe horii uumamawwan jiraatoon* dura dhalatan+ warri isaan Yihowaadhaaf dhiheessan hundi kan kee ni taʼu. Haa taʼu malee, namoota keessaa warra dura dhalatan mamii tokko malee furi;+ horiiwwan xuraaʼoo keessaas warra dura dhalatan furuu qabda.+ 16 Yommuu inni jiʼa tokkoo fi isaa ol taʼutti akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti, gatii meetii sheeqilii* shaniin shallagametti+ gatii furiitiin isa furi. Kunis geeraa* 20 dha. 17 Jibicha dura dhalate yookiin xobbaallaa hoolaa kormaa dura dhalatee yookiin reʼee dura dhalate qofa hin furin.+ Isaan qulqulluu dha. Dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti facaasi;+ coomni isaanii immoo aarsaa ibiddaan dhihaatuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* taʼee akka aaru godhi.+ 18 Foon isaaniis kan kee ni taʼa. Akkuma handaraafa aarsaa sochoofamuu fi akkuma luka mirgaatti inni kan kee ni taʼa.+ 19 Buusii qulqulluu Israaʼelonni Yihowaadhaaf buusii godhan hundumaa,+ siif, akkasumas ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa kee warra sii wajjin jiraniif gaʼee dhaabbataa godhee kenneera.+ Kunis Yihowaa duratti sii fi ijoollee kee warra sii wajjin jiraniif kakuu soogiddaa* dhaabbataa taʼe dha.”
20 Yihowaan itti fufuudhaan Aaroniin akkana jedhe: “Ati biyya isaanii keessatti dhaala hin qabaattu; lafti isaan gidduutti argamu kam iyyuu kan kee hin taʼu.+ Ani Israaʼelota gidduutti gaʼee kee fi dhaala kee ti.+
21 “Ani Israaʼel keessatti tajaajila isaan raawwataniif, jechuunis tajaajila dunkaana qulqulluu keessatti raawwataniif harka kudhan keessaa harka tokko dhaalaan ilmaan Leewwiitiif akkan kenne+ hubadhu. 22 Kana booda sabni Israaʼel gara dunkaana walgaʼiitti akka hin dhihaanne; taʼuu baannaan isaan cubbuu fi duʼa ofitti fidu. 23 Leewwonni tajaajila dunkaana walgaʼiitti raawwatamu ni raawwatu; dogoggora sabichi raawwatuuf isaantu itti gaafatama.+ Isaan Israaʼelota gidduutti dhaala qabaachuu hin qaban;+ kun guutummaa dhaloota keessanii keessatti dambii dhaabbataa taʼe dha. 24 Sababiin isaas, ani kurnoo* sabni Israaʼel Yihowaadhaaf buusii godhan dhaalaan Leewwotaaf kenneera. ‘Isaan Israaʼelota gidduutti dhaala qabaachuu hin qaban’ kanan jedhes kanaafi.”+
25 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 26 “Akkana jedhii Leewwotatti himi: ‘Kurnoo isa dhaala keessan akka taʼuuf isaan irraa fudhadhee isiniif kenne Israaʼelota irraa ni fudhattu;+ isin immoo isa keessaa kurnoo isaa Yihowaadhaaf buusii gootanii ni kennitu.+ 27 Kunis akkuma midhaan oobdii irraa+ yookiin oomisha guutuu cuunfaa wayinii yookiin cuunfaa zayitii keessan irraa buusii gootanitti isiniif ni lakkaaʼama. 28 Akka kanaan isin kurnoo Israaʼelota irraa fudhattan hundumaa irraa Yihowaadhaaf buusii ni kennitu; isa irraas buusii Yihowaadhaaf gootan Aaron lubichaaf ni kennitu. 29 Kennaawwan qulqulluu taʼanii isiniif kennaman hundumaa keessaa+ warra hunda irra caalan irraa buusii akaakuu hundumaa Yihowaadhaaf ni kennitu.’
30 “Akkana isaaniin jedhi: ‘Isin isaan keessaa isa hunda irra caalu yommuu buusii gootan, Leewwotaaf akka oomisha oobdii irraatti, akka oomisha cuunfaa wayinii yookiin cuunfaa zayitiitti ni lakkaaʼama. 31 Kun mindaa tajaajila dunkaana walgaʼiitti raawwattaniif isiniif kaffalamu waan taʼeef, isinis taatan maatiin keessan bakka kamitti iyyuu isa nyaachuu ni dandeessu.+ 32 Isin isaan keessaa isa hunda irra caalu buusii yoo gootan cubbuu ofitti hin fiddan; wantoota qulqulluu Israaʼelotaa hin xureessinaa; taʼuu baannaan ni duutu.’”+
19 Ammas Yihowaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 2 “Seerri Yihowaan ajaje kana dha: ‘Saʼa diimtuu mudaas taʼe hirʼina hin qabne,+ akkasumas waanjoon irra kaaʼamee hin beekne tokko siif akka fidan Israaʼelotatti himi. 3 Isinis Eleʼazaar lubichaaf ni kennitu; innis buufatichaa alatti ishii ni geessa; isa durattis ni qalamti. 4 Achiis Eleʼazaar lubichi dhiiga ishii irraa muraasa quba isaatiin fuudhee dhiiga ishii gara kallattii fuuldura dunkaana walgaʼii jirutti siʼa torba ni facaasa.+ 5 Achiis ija isaa duratti ni gubamti. Gogaan ishii, foon ishii fi dhiigni ishii, cumaa ishii wajjin ni gubama.+ 6 Lubichis muka gaattiraa, hiisoophii+ fi foʼaa diimaa fuudhee ibidda saani sun itti gubamaa jirtu keessatti darbata. 7 Achiis lubichi uffata isaa ni miiccata; qaama* isaas bishaaniin ni dhiqata; sana booda inni gara buufatichaatti seenuu ni dandaʼa; haa taʼu malee, inni hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa.
8 “‘Namichi saʼa sana gube uffata isaa bishaaniin ni miiccata; qaama* isaas bishaaniin ni dhiqata; innis hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa.
9 “‘Namni qulqulluu taʼe tokkos daaraa saʼa+ sanaa walitti qabee buufatichaa ala bakka qulqulluu taʼe tokkotti ni tuula; yaaʼiin Israaʼelis bishaan qulqulleessuuf oolu+ sana qopheessuuf daaraa sana ni kaaʼa. Kun aarsaa cubbuu ti. 10 Namni daaraa saʼa sanaa walitti qabu uffata isaa ni miiccata; innis hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa.
“‘Kun Israaʼelotaa fi nama biyya ormaa isaan gidduu jiraatuuf dambii dhaabbataa ni taʼa.+ 11 Namni reeffa namaa kam iyyuu* tuqu hundi guyyaa torbaaf xuraaʼaa ni taʼa.+ 12 Namni kun guyyaa sadaffaatti bishaan sanaan* of haa qulqulleessu; guyyaa torbaffaattis inni qulqulluu ni taʼa. Haa taʼu malee, inni guyyaa sadaffaatti yoo of qulqulleessuu baate, guyyaa torbaffaatti qulqulluu hin taʼu. 13 Namni reeffa nama kamii iyyuu* tuqee of hin qulqulleessine hundi godoo qulqulluu Yihowaa xureesseera;+ namni* kun Israaʼel keessaa haa balleeffamu.*+ Bishaan qulqulleessu sun+ isa irratti waan hin facaafamneef inni xuraaʼaa dha. Inni xuraaʼaa akkuma taʼetti itti fufa.
14 “‘Namni tokko dunkaana keessatti yommuu duʼu seerri hordofamu kana dha: Namni dunkaanicha keessa seenu hundii fi namni dunkaanicha keessa ture hundi guyyaa torbaaf xuraaʼaa ni taʼa. 15 Miini banaan hin qadaadamne hundi xuraaʼaa dha.+ 16 Namni dirree irratti nama goraadeedhaan ajjeefame yookiin reeffa yookiin lafee namaa yookiin iddoo awwaalchaa tuqe hundi guyyaa torbaaf xuraaʼaa ni taʼa.+ 17 Isaan nama xuraaʼe sanaaf daaraa aarsaa cubbuu isa gubame sana irraa muraasa fuudhanii miʼa tokko keessa godhanii bishaan burqaa isa irratti haa naqan. 18 Achiis namni qulqulluu taʼe tokko+ hiisoophii+ fuudhee bishaanicha keessa erga cuuphee booda dunkaanicha irratti, miʼawwan sana hundumaa irratti, namoota* achi turan irratti, akkasumas nama lafee yookiin nama ajjeefame yookiin reeffa yookiin iddoo awwaalchaa tuqe sana irratti ni facaasa. 19 Namni qulqulluu taʼe sun guyyaa sadaffaattii fi guyyaa torbaffaatti nama xuraaʼe sana irratti bishaanicha ni facaasa; guyyaa torbaffaattis namicha cubbuu irraa ni qulqulleessa;+ achiis namichi uffata isaa ni miiccata; qaama isaas bishaaniin ni dhiqata; galgalas qulqulluu ni taʼa.
20 “‘Namni xuraaʼee fi of hin qulqulleessine garuu iddoo qulqulluu Yihowaa waan xureesseef gumicha keessaa haa balleeffamu.*+ Bishaan qulqulleessu sun isa irratti waan hin facaafamneef, inni xuraaʼaa dha.
21 “‘Kun isaaniif dambii dhaabbataa ni taʼa: Namni bishaan qulqulleessu+ sana facaasu uffata isaa haa miiccatu; namni bishaan qulqulleessu sana tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa. 22 Wanti namni xuraaʼaa taʼe sun tuqu kam iyyuu xuraaʼaa ni taʼa; namni* wanta sana tuqus hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa.’”+
20 Jiʼa isa jalqabaatti guutummaan yaaʼii Israaʼel gara lafa onaa Ziin ni dhufan; sabichis Qaadesh keessa jiraachuu jalqabe.+ Miiriyaam+ kan duutee fi kan awwaalamte achitti ture.
2 Bishaan yaaʼichaaf taʼu achi waan hin turreef,+ isaan Musee fi Aaroniin mormanii walitti ni qabaman. 3 Sabichi akkana jechuudhaan Musee lolaa ture:+ “Yeroo obboloonni keenya Yihowaa duratti duʼan sana nutis utuu duuneerra taʼee nuuf wayya ture! 4 Nutis taane horiiwwan keenya asitti akka dhumnuuf isin gumii Yihowaa gara lafa onaa kanatti kan fiddan maaliifi?+ 5 Iddoo hamaa kanatti nu fiduuf Gibxii keessaa kan nu baastan maaliifi?+ Lafa sanyii itti facaafannu, akkasumas lafa harbuu, muka wayinii fi romaanii itti dhaabbannu hin qabnu; bishaan dhugnus hin qabnu.”+ 6 Achiis Musee fi Aaron gumicha duraa baʼanii gara balbala dunkaana walgaʼiitti dhufanii adda isaaniitiin lafatti gombifaman; ulfinni Yihowaas isaanitti ni mulʼate.+
7 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 8 “Ulicha fudhadhu; yaaʼichas walitti qabi; atii fi obboleessi kee Aaronis kattaan sun bishaan akka kennuuf ija isaanii duratti kattaa sanatti dubbadhaa; atis kattaa sana keessaa isaaniif bishaan ni baasta; wanta yaaʼichii fi horiin isaanii dhuganis isaaniif ni kennita.”+
9 Kanaafuu, Museen akkuma inni isa ajajetti Yihowaa duraa ulicha ni fudhate.+ 10 Achiis Musee fi Aaron kattaa sana duratti gumicha walitti ni qaban; innis, “Isin finciltoota nana dhagaʼaa! Nuti kattaa kana keessaa bishaan isiniif baasuu qabnaa?” isaaniin jedhe.+ 11 Achiis Museen harka isaa ol kaasee ulee isaatiin kattaa sana siʼa lama rukute; bishaan baayʼeenis yaaʼuu jalqabe; sabichii fi horiiwwan isaaniis dhuguu jalqaban.+
12 Boodas Yihowaan Musee fi Aaroniin, “Isin ana irratti amantii waan dhabdaniif, saba Israaʼel durattis waan na hin qulqulleessineef, gumii kana gara biyya ani isaaniif kennutti hin galchitan” jedhe.+ 13 Kun bishaan Mariibaa*+ bakka Israaʼelonni Yihowaa itti lolani dha; kanaan kan kaʼes, inni isaan gidduutti qulqulluu taʼuu isaa ni argisiise.
14 Achiis Museen akkana jedhee Qaadesh irraa gara mootii Edoomitti ergamtoota erge:+ “Obboleessi kee Israaʼel+ akkana jedha: ‘Ati rakkina nu irra gaʼe hundumaa akka gaariitti beekta. 15 Abbootiin keenya gara Gibxii dhaqanii turan;+ nutis waggoota* hedduudhaaf biyya Gibxii keessa jiraanneerra;+ warri Gibxii nuunis taʼe abbootii keenya cunqursaniiru.+ 16 Dhuma irrattis gara Yihowaatti iyyanne;+ innis nu dhagaʼee maleekaa tokko nuuf erguudhaan+ biyya Gibxii keessaa nu baase; kunoo, amma nuti magaalaa Qaadesh ishii daangaa kee irratti argamtu keessa jirra. 17 Maaloo, biyya kee keessa akka darbinu nuuf heyyami. Nuti maasii midhaanii yookiin maasii wayinii kam iyyuu keessa hin darbinu; boolla bishaanii kam iyyuu keessaa bishaan hin dhugnu. Hamma biyya kee keessaa baanutti gara mirgaattis taʼe gara bitaatti utuu hin garagalin Daandii Mootichaa qabannee deemna.’”+
18 Edoom garuu, “Biyya keenya keessa hin darbitu. Yoo darbite garuu, goraadeedhaan siin loluuf sitti nan baʼa” isaan jedhe. 19 Israaʼelonni garuu deebisanii, “Nuti daandii isa guddaa qabannee ol ni baana; nutis taane horiin keenya bishaan kee yoo dhugne gatii isaa ni kaffalla.+ Miilaan keessa darbuu malee homaa hin barbaannu”+ isaan jedhan. 20 Inni garuu ammas, “Hin darbitan”+ isaaniin jedhe. Achiis Edoom namoota hedduu fi raayyaa waraanaa* cimaa qabatee isaan loluuf gad ni baʼe. 21 Akka kanaan Edoom Israaʼel biyya isaa keessa akka darbu isaaf heyyamuu dide; kanaafuu, Israaʼel isa irraa ni deebiʼe.+
22 Sabni Israaʼel, jechuunis guutummaan yaaʼichaa Qaadesh keessaa baʼee gara Gaara Hoor ni dhufe.+ 23 Achiis Yihowaan Gaara Hoor isa daangaa biyya Edoomitti argamutti Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 24 “Aaron gara saba isaatti walitti ni qabama.*+ Lamaan keessan iyyuu ajaja koo isan bishaan Mariibaa ilaalchisee kenne irratti waan finciltaniif, inni gara biyya ani Israaʼelotaaf kennutti hin galu.+ 25 Aaronii fi ilma isaa Eleʼazaariin fuudhiitii Gaara Hooritti ol isaan baasi. 26 Uffata Aaron isa irraa baasiitii+ ilma isaa Eleʼazaaritti+ uwwisi; Aaronis achitti ni duʼa.”*
27 Kanaafuu, Museen akkuma Yihowaan ajaje ni godhe; isaanis utuma guutummaan yaaʼichaa isaan ilaaluu Gaara Hooritti ol ni baʼan. 28 Achiis Museen uffata Aaron isa irraa baasee ilma isaa Eleʼazaaritti uwwise. Sana booda Aaron fiixee gaarichaa irratti ni duʼe.+ Musee fi Eleʼazaaris gaaricha irraa gad ni buʼan. 29 Guutummaan yaaʼichaa Aaron duʼuu isaa yommuu argu, guutummaan mana Israaʼel guyyaa 30f Aaroniif ni booʼe.+
21 Mootiin Aaraad+ inni nama biyya Kanaʼaan taʼee fi Negeeb keessa jiraatu Israaʼel karaa Ataariim dhufuu isaa yommuu dhagaʼu, Israaʼeliin haleelee isaan keessaa muraasa boojiʼee fudhate. 2 Kanaan kan kaʼes Israaʼel, “Ati saba kana harka kootti dabarsitee yoo kennite, ani mamii tokko malee magaalota isaanii haxaaʼee nan balleessa” jedhee Yihowaadhaaf wareega wareege. 3 Yihowaanis sagalee Israaʼel dhagaʼee Kanaʼaanota dabarsee isaanitti ni kenne; isaanis Kanaʼaanotaa fi magaalota isaanii haxaaʼanii ni balleessan. Kanaan kan kaʼes isaan maqaa iddoo sanaa Hoormaa*+ jedhanii moggaasan.
4 Isaanis biyya Edoom+ irra naannaʼanii deemuuf Gaara Hoor+ irraa kaʼanii karaa Galaana Diimaatiin deemuu isaanii itti fufan; kanaafuu, sabichi* adeemsa sanaan kan kaʼe ni butute. 5 Achiis sabichi, “Isin lafa onaa keessatti akka duunuuf biyya Gibxii keessaa kan nu baastan maaliifi? Nyaannis taʼe bishaan hin jiru;+ nyaata tuffatamaa kana jibbineerra”*+ jechuudhaan irra deddeebiʼee Waaqayyoo fi Musee mormee dubbate.+ 6 Kanaan kan kaʼes, Yihowaan bofawwan summii qaban* sabicha gidduutti ni erge; isaan sabicha waan hiddaniif Israaʼelonni hedduun ni duʼan.+
7 Kanaafuu, sabichi gara Musee dhufee, “Nuti Yihowaa fi siin morminee dubbachuudhaan cubbuu raawwanneerra.+ Bofawwan kana akka nu irraa balleessuuf Yihowaa nuuf kadhadhu” jedhe. Museenis sabicha bakka buʼee ni kadhate.+ 8 Achiis Yihowaan Museedhaan, “Bifa bofa summii qabu* tokkoo tolchiitii utubaa irratti fannisi. Namni hiddame kam iyyuu akka hin duuneef isa ilaaluu qaba” jedhe. 9 Museenis yeruma sana sibiila diimaa irraa bofa tokko tolchee+ utubaa irratti fannise;+ namni tokko yommuu bofaan hiddamu hundumaatti bofa sibiila diimaa irraa tolfame sana ni ilaala, lubbuudhaanis ni oola ture.+
10 Sana booda Israaʼelonni achii baʼanii Oboot keessa buufatan.+ 11 Achiis Oboot keessaa baʼanii kallattii bahaatiin lafa onaa Moʼaab fuullee jiru keessa, jechuunis Iyee Abaarim keessa buufatan.+ 12 Achii baʼanii Sulula* Zereed bira buufatan.+ 13 Achii baʼanii naannoo Arnoon+ isa lafa onaa hamma daangaa Amoorotaatti fagaatu keessatti argamu keessa buufatan; sababiin isaas, Arnoon daangaa Moʼaab ishii Moʼaabii fi Amoorota gidduutti argamtu dha. 14 Kitaabni waaʼee Waraanawwan Yihowaa dubbatu akkana kan jedhu kanaafi: “Waaheb ishii Suufaa keessatti argamtuu fi sululawwan* Arnoon, 15 akkasumas irraan gadee* sululawwanii* isa hamma ganda Aaritti fagaatuu fi daangaa Moʼaab bira gaʼu.”
16 Achiis gara Beʼeeritti ni qajeelan. Kun boolla bishaanii isa Yihowaan waaʼee isaa Museedhaan, “Sabicha walitti qabi; anis bishaan isaaniif nan kenna” jedhe sana dha.
17 Yeroo kanatti Israaʼel faarfannaa kana ni faarfate:
“Yaa boolla bishaanii nana, burqi! Isinis isaaf deebisaa!*
18 Boolla bishaanii bulchitoonni qotan, guguddoonni sabichaa soqan,
Isa ulee ajajaatiin, uleewwan ofii isaaniitiinis qotan.”
Achiis isaan lafa onaa sana keessaa gara Maataanaatti qajeelan; 19 Maataanaa irraa gara Nahaaliʼelitti, Nahaaliʼel irraa immoo gara Baamotitti+ qajeelan. 20 Baamot irraa gara sulula naannoo* Moʼaab+ keessa fiixee Phisgaa+ irra jiruu fi Yeshiimon* fuulleetti+ argamutti ni qajeelan.
21 Achiis Israaʼel akkana jechuudhaan Sihoon isa mootii Amoorotaa taʼetti ergamtoota erge:+ 22 “Biyya kee keessa akka darbinu nuuf heyyami. Maasii midhaanii yookiin maasii wayinii kamitti iyyuu hin gorru. Boolla bishaanii kam iyyuu keessaa bishaan hin dhugnu. Hamma biyya kee keessaa baanutti Daandii Mootichaa qabannee deemna.”+ 23 Sihoon garuu Israaʼel biyya isaa keessa akka darbu isaaf hin heyyamne. Kanaa mannaa, Sihoon namoota isaa hundumaa walitti qabee Israaʼeliin waraanuuf gara lafa onaatti baʼe; achiis gara Yaahaaz dhaqee Israaʼeliin loluu jalqabe.+ 24 Haa taʼu malee, Israaʼel goraadeedhaan isa moʼee,+ Arnoonii jalqabee+ hamma Yaaboq+ isa naannoo Amoonotaa bira jiruutti lafa isaa ni dhaale;+ taʼus Yaazeer+ daangaa Amoonotaa+ irra waan jirtuuf ishii bira hin darbine.
25 Kanaan kan kaʼes, Israaʼel magaalota kana hundumaa ni fudhate; isaan Heshboonii fi magaalota ishii jalatti* argaman dabalatee, magaalota Amoorotaa+ hundumaa keessa jiraachuu jalqaban. 26 Sababiin isaas, Heshboon magaalaa Sihoon isa mootii Amoorotaa taʼe sanaa turte; inni mootii Moʼaabii wajjin wal lolee hamma Arnoonitti guutummaa biyya isaa isa irraa fudhatee ture. 27 Jechamni qoosaa akkana jedhu kan jalqabe kanaaf ture:
“Gara Heshboon kottaa.
Magaalaan Sihoon haa ijaaramtu; cimtees haa dhaabbattu.
28 Sababiin isaas, Heshboon keessaa ibiddi, magaalaa Sihoon keessaas laboobni baʼeera.
Innis Aar ishii Moʼaab, gooftolii iddoowwan ol kaʼoo Arnoonis nyaateera.
29 Yaa Moʼaab, siif wayyoo! Yaa namoota Kemoosh,+ isin ni balleeffamtu!
Inni ilmaan isaa baqattoota, ijoollee durbaa isaas boojiʼamtoota Sihoon mootii Amoorotaa godheera.
30 Kottaa xiyya isaanitti haa darbannu;
Heshboon hamma Diboonitti+ ni balleeffamti;
Kottaa hamma Nofaatti ishii haa onsinu;
Ibiddi hamma Medebaatti+ ni babalʼata.”
31 Akka kanaan, Israaʼel biyya Amoorotaa keessa jiraachuu jalqabe. 32 Achiis Museen Yaazeeriin akka basaasaniif namoota muraasa ni erge.+ Isaanis magaalota ishii jalatti* argaman ni qabatan; Amoorota achi turanis ni ariʼan. 33 Sana booda deebiʼanii karaa Baashaanitti geessu qabatanii ol ni baʼan. Oog+ mootiin Baashaanis namoota isaa hundumaa qabatee Edraayitti isaan waraanuuf gad baʼe.+ 34 Yihowaanis Museedhaan, “Ani isas taʼe saba isaa hundumaa, akkasumas biyya isaa harka keetti dabarsee waanan kennuuf+ isa hin sodaatin;+ atis wantuma Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon keessa jiraachaa ture irratti goote isa irrattis ni goota” jedhe.+ 35 Kanaafuu, isaan saba isaa keessaa nama tokko illee utuu hin hambisin isa, ilmaan isaa fi namoota isaa hundumaa ni rukutan;+ biyya isaas ni dhaalan.+
22 Sana booda Israaʼelonni achii deemanii gammoojjii Moʼaab isa Yerikoo gamatti, Yordaanos biratti argamu keessa buufatan.+ 2 Baalaaq+ ilmi Ziphoor wanta Israaʼel Amoorota irratti raawwate hundumaa ni arge; 3 isaan baayʼee hedduu waan turaniif Moʼaab saba sanaan kan kaʼe akka malee ni sodaate; dhuguma iyyuu, Moʼaab Israaʼelotaan kan kaʼe sodaadhaan ni romʼe.+ 4 Kanaafuu, Moʼaab jaarsolii Miidiyaaniin,+ “Akkuma qotiyyoon tokko marga dirree keessaa nyaatee fixutti, gumiin kunis wantoota naannoo keenyatti argaman hundumaa nyaatee ni fixa” jedhe.
Yeroo sanatti Baalaaq ilmi Ziphoor mootii Moʼaab ture. 5 Innis gara Balaʼaam ilma Beʼor isa Phetoor+ ishii biyya dhalootaa isaa keessa Lagicha* biratti argamtu sana keessa jiraatutti ergamtoota ni erge. Akkana jedhees isatti ni dhaame: “Kunoo, sabni tokko biyya Gibxii keessaa baʼee dhufeera. Fuula* lafaas uwwiseera;+ asuma na fuuldura jiraachaa jira. 6 Sabichi ana caalaa cimaa waan taʼeef, maaloo, kottuutii saba kana naaf abaari.+ Inni ati eebbiste kan eebbifame, inni ati abaarte immoo kan abaarame akka taʼu akka gaariitti waanan beekuuf, tarii sabicha moʼuu fi biyyattii keessaa ariʼuu nan dandaʼa taʼa.”
7 Kanaafuu, jaarsoliin Moʼaabii fi jaarsoliin Miidiyaan gatii hoodaa harkatti qabatanii gara Balaʼaam+ deemanii dhaamsa Baalaaq isatti himan. 8 Yeroo kanatti inni, “Halkan kana asuma bulaa; dubbii Yihowaan natti himu kam iyyuu deebisee isin nan beeksisa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, bulchitoonni Moʼaab Balaʼaam bira ni turan.
9 Achiis Waaqayyo gara Balaʼaam dhufee, “Namoonni sii wajjin jiran kun eenyu?” isaan jedhe.+ 10 Balaʼaamis Waaqa dhugaatiin akkana jedhe: “Baalaaq ilmi Ziphoor mootiin Moʼaab akkana jedhee dhaamsa natti erge: 11 ‘Kunoo, sabni biyya Gibxii keessaa baʼee dhufe sun fuula* lafaa uwwiseera. Amma, kottuutii isaaniin naaf abaari.+ Tarii isaaniin lolee ariʼuu nan dandaʼa taʼa.’” 12 Waaqayyo garuu Balaʼaamiin, “Isaanii wajjin hin deemin. Isaan kan eebbifaman waan taʼaniif sabicha hin abaarin”+ jedhe.
13 Balaʼaamis ganamaan kaʼee bulchitoota Baalaaq erge sanaan, “Yihowaan isinii wajjin akkan dhaqu naaf heyyamuu waan dideef, gara biyya keessaniitti deebiʼaa” jedhe. 14 Kanaafuu, bulchitoonni Moʼaab achii deemanii gara Baalaaqitti deebiʼuudhaan, “Balaʼaam nuu wajjin dhufuu dideera” isaan jedhan.
15 Haa taʼu malee, Baalaaq ammas bulchitoota garee warra duraa caalaa hedduu fi kabajamoo taʼan ni erge. 16 Isaanis gara Balaʼaam dhufanii akkana isaan jedhan: “Baalaaq ilmi Ziphoor akkana jedheera: ‘Maaloo, homtuu gara koo dhufuu akka si dhowwu hin heyyamin; 17 ani ulfina guddaa siifan kenna; wanta akkan godhu na gaafattu kam iyyuu nan godha. Kanaafuu, maaloo, kottuutii saba kana naaf abaari.’” 18 Balaʼaam garuu tajaajiltoota Baalaaqiif akkana jedhee deebise: “Baalaaq utuu mana isaa isa meetii fi warqiidhaan guutame naaf kennee illee, ani wanta xinnaas taʼe wanta guddaa, wanta ajaja Waaqa koo Yihowaatiin ala taʼe akkamii iyyuu gochuu hin dandaʼu.+ 19 Garuu, wanti Yihowaan natti himu kan biraan yoo jiraate akkan beekuuf, maaloo halkan harʼaas asuma bulaa.”+
20 Achiis Waaqayyo halkan keessa gara Balaʼaam dhufee, “Namoonni kun si waamuuf dhufan yoo taʼe, isaanii wajjin deemi. Haa taʼu malee, wanta ani akka dubbattu sitti himu qofa dubbadhu” isaan jedhe.+ 21 Kanaafuu, Balaʼaam ganamaan kaʼee harree isaa feʼatee bulchitoota Moʼaabii wajjin deeme.+
22 Haa taʼu malee, inni deemuu isaatiin kan kaʼe dheekkamsi Waaqayyoo ni bobaʼe; maleekaan Yihowaas akka hin deemne isa dhowwuuf karaa irra ni dhaabbate. Yeroo kanatti Balaʼaam harree isaa irra taaʼee deemaa ture; tajaajiltoota isaa keessaas namoonni lama isaa wajjin turan. 23 Harreen sun maleekaan Yihowaa goraadee luqqifame harka isaatti qabatee daandii irra dhaabbachuu isaa yommuu argitu, karaa irraa gara maasiitti goruuf yaalte. Balaʼaam garuu harree sana gara karichaatti deebisuuf ishii rukutuu jalqabe. 24 Achiis maleekaan Yihowaa daandii dhiphoo maasii wayinii lama gidduu jiruu fi gara lamaaniinuu dallaa dhagaa qabu tokko irra dhaabbate. 25 Harreen sunis maleekaa Yihowaa yommuu argitu dallichatti of riguudhaan luka Balaʼaam dallichatti maxxansite; Balaʼaam ammas ishii rukutuu jalqabe.
26 Maleekaan Yihowaa ammas bira darbee, iddoo dhiphoo gara mirgaas taʼe gara bitaatti garagaluun itti hin dandaʼamne tokko irra dhaabbate. 27 Harreen sun yommuu maleekaa Yihowaa argitu, utuma Balaʼaam irra taaʼee jiruu ni ciiste; Balaʼaamis baayʼee aaree ulee isaatiin ishii rukutuu jalqabe. 28 Dhuma irrattis Yihowaan harreen sun akka dubbattu ni godhe;*+ ishiinis Balaʼaamiin, “Akkanatti siʼa sadii kan na rukuttu ani maalan si godhe?”+ jette. 29 Balaʼaamis, “Waan natti taphatteefi. Utuu goraadeen na harka jiraatee silaa sin ajjeesan ture!” jedhee harree sanaaf deebise. 30 Achiis harreen sun Balaʼaamiin, “Ani harree kee ishii ati jireenya kee guutuu hamma harʼaatti irra teessee deemaa turte mitii? Ani kanaan dura akkana si rakkisee beekaa?” jette. Innis, “Lakki!” jedhee deebise. 31 Achiis Yihowaan ija Balaʼaam ni bane;+ innis maleekaan Yihowaa goraadee luqqifame harka isaatti qabatee karaa irra dhaabbachuu isaa ni arge. Achiis yeruma sana adda isaatiin gombifamee sagade.
32 Yeroo kanatti maleekaan Yihowaa akkana isaan jedhe: “Harree kee akkanatti siʼa sadii kan rukutte maaliifi? Karaan kee fedhii kootiin kan mormu waan taʼeef, kunoo, anumti si dhowwuuf dhufeera.+ 33 Harreen tun na argitee siʼa sadii na irraa goruuf ni yaalte.+ Utuu ishiin na irraa goruu baattee, silaa amma ani si ajjeesee ishii immoo lubbuudhaan nan dhiisan ture.” 34 Balaʼaamis maleekaa Yihowaatiin, “Na argachuuf daandii irra dhaabbachaa kan ture si taʼuu kee hin beekne; kanaafuu, ani cubbuu hojjedheera. Ammas kun gaarii fakkaatee yoo sitti mulʼachuu baate nan deebiʼa” jedhe. 35 Maleekaan Yihowaa garuu Balaʼaamiin, “Namoota sanaa wajjin deemi; haa taʼu malee, wanta ani sitti himu qofa dubbadhu” jedhe. Kanaafuu, Balaʼaam bulchitoota Baalaaq erge sanaa wajjin ni deeme.
36 Baalaaqis Balaʼaam dhufuu isaa yommuu dhagaʼu, magaalaa Moʼaab ishii daangaa naannoo sanaatti, jechuunis qarqara Arnoonitti argamtutti isa argachuuf yeruma sana ni baʼe. 37 Baalaaqis Balaʼaamiin, “Ani akka dhuftu dhaamsa sitti ergee hin turree? Gara koo dhufuu kan dhiiste maaliifi? Ani ulfina guddaa siif kennuu akkan hin dandeenye sitti dhagaʼamee?”+ jedhe. 38 Balaʼaamis, “Kunoo amma dhufeera. Garuu wanta akkamii iyyuu dubbachuun kan naaf heyyamamu sitti fakkaataa? Wanta Waaqayyo afaan koo keessa kaaʼe qofan dubbachuu dandaʼa” jedhee Baalaaqiif deebise.+
39 Akka kanaan, Balaʼaam Baalaaqii wajjin ni deeme; isaanis gara Qiriyaat Huzoot ni dhufan. 40 Achiis Baalaaq loonii fi hoolota aarsaa godhee muraasa isaa Balaʼaamii fi bulchitoota isaa wajjin turaniif ni erge. 41 Ganamas Baalaaq Balaʼaamiin fuudhee Baamot Baʼaalitti ol isa baase; innis achi dhaabbatee guutummaa sabichaa arguu ni dandaʼa ture.+
23 Achiis Balaʼaam Baalaaqiin, “Bakka kanatti iddoowwan aarsaa torba ijaari;+ achiis qotiyoowwan torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naaf qopheessi” jedhe. 2 Baalaaqis yeruma sana akkuma Balaʼaam jedhe ni godhe. Achiis Baalaaqii fi Balaʼaam tokkoon tokkoon iddoowwan aarsaa sanaa irratti qotiyyoo tokko tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko tokko ni dhiheessan.+ 3 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Ati asuma aarsaa kee isa gubamu bira turi; ani immoo nan deema. Tarii Yihowaan natti mulʼata taʼa. Anis wanta inni natti mulʼisu kam iyyuu sitti nan hima” jedhe. Achiis gara tabba tokkootti ol baʼe.
4 Waaqayyos Balaʼaamitti ni mulʼate;+ innis, “Ani iddoowwan aarsaa torba tarree galchee ijaareera; tokkoon tokkoon iddoowwan aarsaa irrattis qotiyyoo tokko tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko tokko dhiheesseera” isaan jedhe. 5 Yihowaan dubbii kana afaan Balaʼaam keessa ni kaaʼe:+ “Gara Baalaaqitti deebiʼiitii akkana isaan jedhi.” 6 Kanaafuu, inni ni deebiʼe; Baalaaqii fi bulchitoonni Moʼaab hundis aarsaa isaa isa gubamu bira dhaabbatanii ni arge. 7 Achiis jechama kana dubbate:+
“Baalaaq mootiin Moʼaab Aaraam irraa,+
Gaarota bahaa biraa na fidee akkana naan jedhe:
‘Kottuutii Yaaqoobiin naaf abaari.
Eeyyee, kottuutii Israaʼeliin naaf balaaleffadhu.’+
8 Namoota Waaqayyo hin abaarre akkamittan abaara?
Namoota Yihowaan hin balaaleffanne hoo akkamittan balaaleffadha?+
9 Ani fiixee qarsaa irraa isaan nan ilaala,
Tabba irraas isaan nan arga.
Isaan akka saba tokkootti kophaa isaanii achi jiraatu;+
Saboota keessaa tokko akka taʼanittis of hin ilaalan.+
10 Namoota Yaaqoob warra akka biyyoo lafaatti hedduu taʼan+
Yookiin kurmaana Israaʼel illee eenyutu lakkaaʼuu dandaʼa?
Duʼa nama qajeelaa duʼuu nan barbaada,*
Dhumni koos akka kan isaanii haa taʼu.”
11 Achiis Baalaaq Balaʼaamiin, “Wanti ati na irratti raawwatte kun maali dha? Ani diinota koo akka abaartun si fide; ati garuu isaan eebbiste malee wanta goote hin qabdu”+ jedhe. 12 Innis, “Ani wanta Yihowaan afaan koo keessa kaaʼe qofa dubbachuu hin qabuu?” jedhee deebise.+
13 Baalaaqis, “Maaloo, bakka isaaniin itti ilaaluu dandeessu kan biraa haa dhaqnu. Muraasa isaanii qofa argita malee, hunda isaanii hin argitu. Achi taʼiitii isaaniin naaf abaari”+ isaan jedhe. 14 Kanaafuu, inni gara dirree Zofiim isa fiixee Phisgaa irratti+ argamutti isa ni geesse; achiis iddoowwan aarsaa torba ijaaree tokkoon tokkoon iddoo aarsaa sanaa irratti qotiyyoo tokko tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko tokko dhiheesse.+ 15 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Achitti hamman isaa wajjin dubbadhutti ati asuma aarsaa kee isa gubamu bira turi” jedhe. 16 Yihowaanis Bala’aamitti ni mulʼate; dubbii kanas afaan isaa keessa ni kaaʼe:+ “Gara Baalaaqitti deebiʼiitii akkana isaan jedhi.” 17 Kanaafuu, inni gara isaa dhufee, Baalaaq aarsaa isaa isa gubamu biratti isa eegaa akka jiru ni arge; bulchitoonni Moʼaabis isaa wajjin turan. Baalaaqis, “Yihowaan maal jedhe?” jedhee isa gaafate. 18 Achiis inni jechama kana dubbate:+
“Yaa Baalaaq, kaʼii dhaggeeffadhu.
Yaa ilma Ziphoor, na dhagaʼi.
Inni wanta tokko yommuu jedhu, wanta sana hin raawwatuu?
Wanta dubbate hoo, fiixaan hin baasuu?+
21 Inni mora Yaaqoob irratti raawwatamu akkamii iyyuu hin obsu,
Rakkinni akkamii iyyuu Israaʼel irra akka gaʼus hin heyyamu.
Waaqni isaa Yihowaan isaanii wajjin jira,+
Inni isaan gidduutti akka mootiitti sagalee guddaadhaan ni jajama.
22 Waaqayyo biyya Gibxii keessaa isaan baaseera.+
Inni isaaniif akka gaanfota gafarsaa ti.+
23 Sababiin isaas, namni Yaaqoob irratti raajii hamaa dubbachuu dandaʼu hin jiru,+
Hoodni Israaʼel irratti hojjetu akkamii iyyuu hin jiru.+
Yeroo kanatti waaʼee Yaaqoobii fi waaʼee Israaʼel,
‘Wanta Waaqayyo godhe ilaalaa!’ ni jedhama.
24 Sabni akka leencaatti ol kaʼu kunoo ti,
Inni akkuma leencaatti kaʼee ni dhaabbata.+
Inni isa adamse hamma nyaatutti,
Dhiiga warra qalamaniis hamma dhugutti hin ciisu.”
25 Achiis Baalaaq Balaʼaamiin, “Isa abaaruu hin dandeessu taanaan, isa eebbisuus hin qabdu” jedhe. 26 Balaʼaamis, “‘Wantuma Yihowaan jedhe hundumaan godha’ siin hin jennee?” jedhee Baalaaqiif deebise.+
27 Baalaaqis Balaʼaamiin, “Maaloo kottu, ammas gara bakka kan biraatti sin geessa. Tarii achi irraa isa naaf abaaruun kee Waaqa dhugaa duratti wanta sirrii taʼuu dandaʼa” jedhe.+ 28 Kanaafuu, Baalaaq Balaʼaamiin gara fiixee Pheʼor isa Yeshiimon* fuuldura jirutti geesse.+ 29 Achiis Balaʼaam Baalaaqiin, “Bakka kanatti iddoowwan aarsaa torba ijaari; achiis qotiyyoowwan torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naaf qopheessi” jedhe.+ 30 Baalaaqis akkuma Bala’aam jedhe ni godhe; tokkoon tokkoon iddoo aarsaa sanaa irrattis qotiyyoo tokko tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko tokko ni dhiheesse.
24 Balaʼaam Israaʼeliin eebbisuun Yihowaa akka gammachiise* yommuu argu, sana booda raajii hamaa barbaacha hin deemne;+ kanaa mannaa gara lafa onaatti qajeele. 2 Balaʼaam ol jedhee Israaʼel akka gosa gosa isaatti buufatee yommuu argu,+ hafuurri Waaqayyoo isa irra ni buʼe.+ 3 Achiis jechama kana ni dubbate:+
“Dubbiin Balaʼaam ilma Beʼor,
Dubbiin nama ijji isaa baname sanaa,
4 Dubbiin nama dubbii Waaqayyoo dhagaʼe,
Isa mulʼata Isa Hundumaa Dandaʼuu arge,
Isa ijji isaa akkuma banametti sagade sanaa kana dha:+
5 Yaa Yaaqoob, dunkaanonni kee,
Yaa Israaʼel, godoowwan qulqulluun kee akkam bareedu!+
6 Isaan akkuma sululawwanii,*
Akkuma iddoo biqiltuu laga qarqara jiruutti,
Akkuma argisa* Yihowaan dhaabeetti,
Akkuma mukeetii gaattiraa bishaan qarqara jiraniitti babalʼataniiru.+
7 Qalqalloo isaa lamaan keessaa yeroo hunda bishaan ni coccopha,
Sanyiin isaas bishaanota hedduu biratti facaafameera.+
8 Waaqayyo biyya Gibxii keessaa isa baaseera;
Inni isaaniif akkuma gaanfota gafarsaa ti.
Inni saboota warra isa cunqursan ni nyaata,+
Lafeewwan isaanii ni alanfata; xiyyawwan isaatiinis isaan ni hurreessa.
9 Inni akkuma leencaatti ripheera, ciiseeras,
Inni akka leencaa ti, eenyutu isa dammaqsuuf onnata?
Warri si eebbisan eebbifamoo dha,
Warri si abaaranis abaaramoo dha.”+
10 Yeroo kanatti Baalaaq akka malee Balaʼaamitti ni aare. Baalaaqis tuffiidhaan harka isaa walitti rukutee Balaʼaamiin akkana jedhe: “Ani kanan si waame diinota koo akka abaartuuf ture;+ ati garuu kunoo siʼa sadan kana isaan eebbiste malee wanta goote hin qabdu. 11 Amma dafii gara mana kee deemi. Ani ulfina guddaa siif kennuu yaadeen ture;+ garuu kunoo Yihowaan ulfina si dhowwate.”
12 Balaʼaamis akkana jedhee Baalaaqiif deebise: “Ani ergamtoota ati ergiteen, 13 ‘Baalaaq utuu mana isaa isa meetii fi warqiidhaan guutame naaf kennee illee, ani wanta gaariis taʼe wanta hamaa, wanta ajaja Yihowaatiin ala taʼe kam iyyuu fedhii ofii kootiin* gochuu hin dandaʼu. Wanta Yihowaan natti himu qofan dubbadha’ hin jennee?+ 14 Ammas gara saba koo nan deema. Kottu wanta sabni kun gara fuulduraatti* saba kee irratti raawwatu sittan hima.” 15 Achiis jechama kana dubbate:+
“Dubbiin Balaʼaam ilma Beʼor,
Dubbiin nama ijji isaa baname sanaa,+
16 Dubbiin nama dubbii Waaqayyoo dhagaʼu,
Isa beekumsa Isa Hundaa Olii qabu,
Utuu ijji isaa akkuma banametti sagadaa jiruu
Mulʼata Isa Hundumaa Dandaʼuu arge sanaa kana dha:
17 Ani isa nan ilaala, garuu amma miti;
Ani isa nan arga; garuu yeroo dhihootti miti.
18 Israaʼel onnachuu isaa yommuu argisiisutti,
Edoom dhaala,+
19 Yaaqoob keessaa inni diinota isaa toʼannaa jala galchu tokko ni baʼa,+
Innis magaalattii keessaa nama lubbuudhaan oole kam iyyuu ni balleessa.”
20 Inni Amaaleqiin yommuu argetti akkana jechuudhaan jechama isaa itti fufe:
21 Qeenota yommuu argettis+ akkana jechuudhaan jechama isaa itti fufe:
“Bakki jireenyaa kee amansiisaa dha, buufanni kees kattaa irratti kan ijaarame dha.
22 Garuu namni tokko Qeeyiniin gubee ni balleessa.
Asoor boojitee si fudhachuu ishii dura hamma yoomiitti turta ree?”
23 Ammas akkana jechuudhaan jechama isaa itti fufe:
“Wayyoo! Yommuu Waaqayyo akkana godhu eenyutu oola laata?
24 Qarqara galaanaa Kiitim+ irraa dooniiwwan ni dhufu,
Isaan Asooriin ni miidhu,+
Ebeeriinis ni miidhu.
Haa taʼu malee, innis guutummaatti ni bada.”
25 Achiis Balaʼaam+ kaʼee iddoo isaatti deebiʼe. Baalaaqis karaa isaa ni qajeele.
25 Israaʼel yommuu Shitiim+ keessa jiraachaa turetti, sabichi dubartoota Moʼaabii wajjin ejja raawwate.+ 2 Dubartoonni sunis sabicha gara aarsaawwan waaqolii isaaniitiif dhiheessanitti ni affeeran;+ sabichis isa irraa nyaachuu fi waaqolii isaaniitiif sagaduu jalqabe.+ 3 Kanaafuu, Israaʼel isaanii wajjin waaqeffannaa Baʼaal isa Pheʼor* irratti ni hirmaate;+ Yihowaanis Israaʼelitti ni dheekkame. 4 Achiis Yihowaan Museedhaan, “Dheekkamsi Yihowaa inni bobaʼaan Israaʼel irraa akka deebiʼuuf, geggeessitoota* saba kanaa hundumaa fuudhiitii guyyaa saafaa* Yihowaa duratti isaan fannisi” jedhe. 5 Museenis abbootii murtii Israaʼeliin,+ “Tokkoon tokkoon keessan namoota keessan warra waaqeffannaa Baʼaal isa Pheʼor irratti hirmaatan* ajjeesaa” jedhe.+
6 Haa taʼu malee yeruma sana, utuma isaan balbala dunkaana walgaʼii duratti booʼaa jiranii, Israaʼelota keessaa namichi tokko Musee fi guutummaan yaaʼii Israaʼel utuma isa ilaalanii dubartii biyya Miidiyaan takka gara obboloota isaatti fidee dhufe.+ 7 Ilma Aaron lubichaa, ilma Eleʼazaar kan taʼe Finahaas+ kana yommuu argu, yeruma sana yaaʼii sana gidduudhaa kaʼee eeboo tokko ni fudhate. 8 Achiis namicha Israaʼel sana duukaa buʼee gara dunkaanichaatti seenuudhaan lamaan isaanii iyyuu ni waraane; namicha Israaʼel sana ni waraane; dubartittiis waraanee garaa* ishii keessa baase. Yeroo kanatti dhaʼichi Israaʼelota rukutaa ture sun ni dhaabbate.+ 9 Namoonni dhaʼicha sanaan duʼanis walumaa galatti 24,000 turan.+
10 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 11 “Ilma Aaron lubichaa, ilma Eleʼazaar kan taʼe Finahaas,+ morkii ana ilaalchisee isaan gidduutti kaʼe hundumaa obsaan bira darbuu dhiisuudhaan dheekkamsa koo saba Israaʼel irraa deebiseera.+ Guutummaatti akka naaf bulan kanan barbaadu taʼus, Israaʼelota haxaaʼee kanan hin balleessine kanaafi.+ 12 Kanaafuu, kakuu nagaa koo akkan isaa wajjin galu itti himaa. 13 Inni morkii Waaqa isaa ilaalchisee kaʼe obsaan waan bira hin darbineef,+ akkasumas saba Israaʼeliif araara waan argamsiiseef, kun isaa fi sanyii isaa isa booda dhufuuf kakuu lubummaa dhaabbataa ni taʼa.”+
14 Namichi Israaʼel inni dubartii biyya Miidiyaanii wajjin ajjeefame sun maqaan isaa Zimrii jedhama ture; inni ilma Saaluu yeroo taʼu, ajajaa mana abbootii Simiʼoonotaa ture. 15 Maqaan dubartittii biyya Miidiyaan ishii ajjeefamte sanaa Koozbii jedhama ture; ishiin intala Zuur+ yeroo taatu, Zuur biyya Miidiyaan+ keessatti geggeessaa qomoowwan mana abbootii isa tokkoo ture.
16 Boodas Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 17 “Miidiyaanota dhiphisaa; akkasumas isaan rukutaa;+ 18 sababiin isaas, isaan Pheʼoriin kan kaʼe,+ akkasumas intala ajajaa Miidiyaan kan taate obboleettii isaanii Koozbii ishii Pheʼor ishii guyyaa dhaʼichi isin irra gaʼetti+ ajjeefamte+ sanaan kan kaʼe haxxummaadhaan cubbuu akka hojjettan gochuudhaan isin dhiphisaniiru.”
26 Dhaʼicha sana booda+ Yihowaan Musee fi Eleʼazaar ilma Aaron lubichaatiin akkana jedhe: 2 “Guutummaa yaaʼii Israaʼel keessaa warra umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe, akka manneen abbootii isaaniitti warra raayyaa waraanaa Israaʼel keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundumaa lakkaaʼaa.”+ 3 Kanaafuu, Musee fi Eleʼazaar+ lubichi gammoojjii Moʼaab+ isa Yerikoo+ gamatti, Yordaanos biratti argamu keessatti akkana isaaniin jedhan: 4 “Akkuma Yihowaan Musee ajajetti, warra umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe lakkaaʼaa.”+
Yeroo kanatti ilmaan Israaʼel warri biyya Gibxii keessaa baʼan kanneen kana turan: 5 Ilmi Israaʼel inni angafaa Ruuben+ yeroo taʼu, ilmaan Ruuben+ kanneen kana turan: Hanook keessaa maatii Hanookotaa, Paaluu keessaa maatii Paalotaa, 6 Hesroon keessaa maatii Hesroonotaa, akkasumas Kaarmii keessaa maatii Kaarmotaa. 7 Kanneen kun maatiiwwan Ruubenotaa turan; isaan keessaa kan galmeeffaman walumaa galatti 43,730 turan.+
8 Ilmi Paaluu Eeliyaab ture. 9 Ilmaan Eeliyaab Nemuʼel, Daataanii fi Abiraam turan. Daataanii fi Abiraam kun bakka buʼoota yaaʼichaa warra yeroo gareen Qoraa+ Yihowaa loletti+ isaanii wajjin taʼuudhaan Musee fi Aaroniin lolan+ sana turan.
10 Achiis lafattiin banamtee* isaan liqimsite. Qoraan immoo yeroo ibiddi namoota 250 nyaatetti deggertoota isaa wajjin ni duʼe.+ Isaanis fakkeenya akeekkachiisaa taʼan.+ 11 Ilmaan Qoraa garuu hin duune.+
12 Ilmaan Simiʼoon+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Nemuʼel keessaa maatii Nemuʼelotaa, Yaamiin keessaa maatii Yaamiinotaa, Yaakiin keessaa maatii Yaakiinotaa, 13 Zeeraa keessaa maatii Zeerotaa, akkasumas Shaawul keessaa maatii Shaawulotaa. 14 Maatiiwwan Simiʼoonotaa kanneen kana turan; isaan 22,200 turan.+
15 Ilmaan Gaad+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Zefoon keessaa maatii Zefoonotaa, Haagii keessaa maatii Haagotaa, Shuunii keessaa maatii Shuunotaa, 16 Oznii keessaa maatii Oznotaa, Eerii keessaa maatii Eerotaa, 17 Arood keessaa maatii Aroodotaa, akkasumas Ariʼelii keessaa maatii Ariʼelotaa. 18 Maatiiwwan ilmaan Gaad kanneen kana turan; isaan keessaa kan galmeeffaman 40,500 turan.+
19 Ilmaan Yihudaa+ Eerii fi Onaan+ turan. Haa taʼu malee, Eerii fi Onaan biyya Kanaʼaan keessatti duʼan.+ 20 Ilmaan Yihudaa akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Sheelaa+ keessaa maatii Sheelotaa, Faares+ keessaa maatii Faaresotaa, akkasumas Zeeraa+ keessaa maatii Zeerotaa. 21 Ilmaan Faares kanneen kana turan: Hesroon+ keessaa maatii Hesroonotaa, akkasumas Hamuul+ keessaa maatii Hamuulotaa. 22 Maatiiwwan Yihudaa kanneen kana turan; isaan keessaa kan galmeeffaman 76,500 turan.+
23 Ilmaan Yisaakor+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Tolaa+ keessaa maatii Tolootaa, Puuwaa keessaa maatii Puuwotaa, 24 Yaashuub keessaa maatii Yaashuubotaa, akkasumas Shimroon keessaa maatii Shimroonotaa. 25 Maatiiwwan Yisaakor kanneen kana turan; isaan keessaa kan galmeeffaman 64,300 turan.+
26 Ilmaan Zaabiloon+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Sereed keessaa maatii Sereedotaa, Eloon keessaa maatii Eloonotaa, akkasumas Yaahliʼel keessaa maatii Yaahliʼelotaa. 27 Maatiiwwan Zaabiloonotaa kanneen kana turan; isaan keessaa kan galmeeffaman 60,500 turan.+
28 Ilmaan Yoseef+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Minaasee fi Efreem.+ 29 Ilmaan Minaasee+ kanneen kana turan: Maakiir+ keessaa maatii Maakiirotaa, Maakiir Giiliyaadiin dhalche; akkasumas Giiliyaad+ keessaa maatii Giiliyaadotaa. 30 Kanneen kun ilmaan Giiliyaad turan: Iʼezer keessaa maatii Iʼezerotaa, Heleeq keessaa maatii Heleeqotaa, 31 Asriʼeel keessaa maatii Asriʼeelotaa, Sheekem keessaa maatii Sheekemotaa, 32 Shemidaa keessaa maatii Shemidotaa, akkasumas Hefeer keessaa maatii Hefeerotaa. 33 Zelofehaad ilmi Hefeer ijoollee durbaa malee ijoollee dhiiraa hin qabu ture;+ maqaan ijoollee durbaa Zelofehaad+ Maahlaa, Noh, Hoglaa, Miilkaa fi Tirzaa ture. 34 Maatiiwwan Minaasee kanneen kana turan; isaan keessaa kan galmeeffaman 52,700 turan.+
35 Ilmaan Efreem+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Shutelaa+ keessaa maatii Shutelotaa, Bekeer keessaa maatii Bekeerotaa, akkasumas Taahaan keessaa maatii Taahaanotaa. 36 Ilmaan Shutelaa kanneen kana turan: Eeraan keessaa maatii Eeraanotaa. 37 Maatiiwwan ilmaan Efreem kanneen kana turan: isaan keessaa kan galmeeffaman 32,500 turan.+ Ilmaan Yoseef akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan.
38 Ilmaan Biiniyaam+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Beelaa+ keessaa maatii Beelotaa, Ashbeel keessaa maatii Ashbeelotaa, Ahiraam keessaa maatii Ahiraamotaa, 39 Shefufaam keessaa maatii Shefufaamotaa, akkasumas Hufaam keessaa maatii Hufaamotaa. 40 Ilmaan Beelaa Ardii fi Na’amaan turan:+ Ardii keessaa maatii Ardotaa, akkasumas Naʼamaan keessaa maatii Naʼamotaa. 41 Ilmaan Biiniyaam akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan; isaan keessaa kan galmeeffaman 45,600 turan.+
42 Ilmaan Daan+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Shuhaam keessaa maatii Shuhaamotaa. Maatiiwwan Daan akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan. 43 Guutummaa maatiiwwan Shuhaamotaa keessaa kan galmeeffaman 64,400 turan.+
44 Ilmaan Asheer+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Yimnaa keessaa maatii Yimnotaa, Yishwii keessaa maati Yishwotaa, Beriʼaa keessaa maatii Beriʼotaa, 45 ilmaan Beriʼaa keessaa: Hebeer keessaa maatii Hebeerotaa, akkasumas Maalkiʼel keessaa maatii Maalkiʼelotaa. 46 Maqaan intala Asheer Seeraa ture. 47 Maatiiwwan ilmaan Asheer kanneen kana turan; isaan keessaa kan galmeeffaman 53,400 turan.+
48 Ilmaan Niftaalem+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Yaahziʼel keessaa maatii Yaahziʼelotaa, Guunii keessaa maatii Guunotaa, 49 Yezeer keessaa maatii Yezeerotaa, akkasumas Shiilem keessaa maatii Shiilemotaa. 50 Maatiiwwan Niftaalem akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan; isaan keessaa kan galmeeffaman 45,400 turan.+
51 Israaʼelota keessaa kan galmeeffaman walumaa galatti 601,730 turan.+
52 Sana booda Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 53 “Akka maqaa maqaadhaan galmeeffamanitti lafattiin dhaalaan namoota kanaaf haa hihiramtu.+ 54 Gareewwan guguddaa taʼaniif dhaala hedduu taʼe kenni; gareewwan xixinnoo taʼaniif immoo dhaala xinnoo taʼe kenni.+ Dhaalli tokkoon tokkoon gareetiif kennamu lakkoofsa warra galmeeffaman sanaa wajjin kan wal gitu haa taʼu. 55 Haa taʼu malee, lafichi carraadhaan hiramuu qaba.+ Isaan akka maqaawwan gosoota abbootii isaaniitti dhaala isaanii haa fudhatan. 56 Dhaalli hundi carraadhaan ni murteeffama; akkasumas gareewwan guguddaa fi gareewwan xixinnaadhaaf ni hihirama.”
57 Leewwota keessaa akka maatii maatii isaaniitti kan galmeeffaman kanneen kana turan:+ Geershon keessaa maatii Geershonotaa, Qehaat+ keessaa maatii Qehaatotaa, akkasumas Meraarii keessaa maatii Meraarotaa. 58 Maatiiwwan Leewwotaa kanneen kana turan: maatii Libnotaa,+ maatii Kebroonotaa,+ maatii Maahlotaa,+ maatii Muushotaa,+ akkasumas maatii Qorootaa.+
Qehaat Amraamiin dhalche.+ 59 Maqaan haadha manaa Amraam Yokebeed+ yeroo taʼu, ishiin intala Leewwii ishii biyya Gibxii keessatti dhalatte dha. Ishiinis Aaronii fi Musee, akkasumas obboleettii isaanii Miiriyaamiin Amraamiif ni deesse.+ 60 Achiis Aaron Naadaabiin, Abihuu, Eleʼazaarii fi Itaamaariin ni dhalche.+ 61 Haa taʼu malee, Naadaabii fi Abihuun Yihowaa duratti ibidda hin heyyamamne waan dhiheessaniif ni duʼan.+
62 Dhiironni umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi isaa ol taʼee galmeeffaman hundi walumaa galatti 23,000 turan.+ Israaʼelota gidduutti dhaalli akkamii iyyuu waan isaaniif hin kennamneef,+ isaan Israaʼelotaa wajjin hin galmeeffamne.+
63 Kanneen kun warra Musee fi Eleʼazaar lubichi yeroo gammoojjii Moʼaab isa Yerikoo gamatti, Yordaanos biratti argamu keessatti Israaʼelota galmeessanitti galmaaʼan sana dha. 64 Haa taʼu malee, namoota yommuu Musee fi Aaron lubichi lafa onaa Siinaa keessatti Israaʼelota lakkaaʼanii turanitti galmaaʼan keessaa namni tokko illee warra galmaaʼan kana keessatti hin argamu ture.+ 65 Kunis kan taʼe, Yihowaan isaaniin ilaalchisee, “Isaan mamii tokko malee lafa onaa keessatti ni duʼu”+ waan jedheef ture. Kanaafuu, Kaaleb ilma Yofunee fi Iyyaasuu ilma Nuuniin alatti isaan keessaa namni tokko illee hin hafne.+
27 Achiis maatiiwwan Minaasee isa ilma Yoseef taʼe keessaa, ijoolleen durbaa Zelofehaad+ isa ilma Hefeer, ilma Giiliyaad, ilma Maakiir, ilma Minaasee taʼe sanaa ni dhihaatan. Maqaan ijoollee durbaa isaa Maahlaa, Noh, Hoglaa, Miilkaa fi Tirzaa ture. 2 Isaanis balbala dunkaana walgaʼii irratti Musee, Eleʼazaar lubicha, ajajjootaa+ fi guutummaa yaaʼichaa dura dhaabbatanii akkana jedhan: 3 “Abbaan keenya lafa onaa keessatti duʼe; inni cubbuu ofii isaatiin duʼe malee, deggertoota Qoraa+ warra gareedhaan gurmaaʼanii Yihowaa morman sana keessaa tokko hin turre; ijoollee dhiiraas hin qabu ture. 4 Inni ilma waan hin qabneef, maqaan abbaa keenyaa maatii isaa keessaa maaliif bada ree? Obboloota abbaa keenyaa gidduutti dhaala nuuf kennaa.” 5 Kanaafuu, Museen dhimma isaanii Yihowaa duratti dhiheesse.+
6 Yihowaanis Museedhaan akkana jedhe: 7 “Ijoolleen durbaa Zelofehaad sirrii dha. Obboloota abbaa isaanii gidduutti dhaala isaaniif kennuu fi dhaala abbaa isaanii gara isaaniitti naannessuu qabda.+ 8 Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Namni tokko ilma utuu hin qabaatin yoo duʼe, dhaalli isaa gara intala isaatti akka darbu godhaa. 9 Inni intala hin qabu taanaan, dhaala isaa obboloota isaatiif kennitu. 10 Obboloota hin qabu taanaan, dhaala isaa obboloota abbaa isaatiif kennitu. 11 Abbaan isaa obboloota hin qabu taanaan immoo, dhaala isaa maatii isaa keessaa nama fira dhihoo taʼeef ni kennitu; namni sunis dhaala sana ni fudhata. Akkuma Yihowaan Musee ajajetti, heerri kun Israaʼelotaaf dambii taʼee ni tajaajila.’”
12 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Gaara Abaariim+ kanatti ol baʼiitii, biyya ani Israaʼelotaaf kennu ilaali.+ 13 Atis biyyattii erga argitee booda akkuma obboleessa kee Aaron+ gara saba keetti walitti ni qabamta;*+ 14 sababiin isaas, yeroo yaaʼichi lafa onaa Ziin keessatti ana lolaa turetti, yommuun bishaan isiniif kennetti isin dambii koo irratti finciltaniittu; yaaʼicha durattis ana hin qulqulleessine.+ Kun bishaan Mariibaa+ isa Qaadeesh+ ishii lafa onaa Ziin+ keessatti argamtu keessa jiru dha.”
15 Achiis Museen Yihowaadhaan akkana jedhe: 16 “Yihowaan inni Waaqa hafuura nama* hundumaa taʼe yaaʼicha irratti nama tokko haa muudu; 17 yaaʼiin Yihowaa akka hoolota tiksee hin qabnee akka hin taaneef, inni isaan duratti gad ni baʼa, olis ni seena, akkasumas isaan geggeessuudhaan gad isaan ni baasa, olis isaan ni galcha.” 18 Kanaafuu, Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Iyyaasuu ilma Nuun isa hafuurri irra jiru sana fuudhiitii harka kee isa irra kaaʼi.+ 19 Achiis Eleʼazaar lubichaa fi guutummaa yaaʼichaa dura isa dhaabbachiisi; isaan durattis isa muudi.+ 20 Guutummaan yaaʼii Israaʼel akka isa dhagaʼuuf,+ aangoo* kee irraa muraasa isaaf kenni.+ 21 Innis Eleʼazaar lubicha isa Uuriimiitti fayyadamee murtii Yihowaa isaaf gaafatu dura ni dhaabbata.+ Innii fi Israaʼelonni isaa wajjin jiran, akkasumas guutummaan yaaʼichaa ajaja isaatiin gad ni baʼu, ajaja isaatiinis ol ni seenu.”
22 Kanaafuu, Museen akkuma Yihowaan isa ajaje ni godhe. Iyyaasuu fuudhee Eleʼazaar lubichaa fi guutummaa yaaʼichaa dura ni dhaabbachiise; 23 akkuma Yihowaan karaa Musee dubbatettis,+ harka isaa isa irra kaaʼee isa ni muude.+
28 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Akkana jedhii Israaʼelota ajaji: ‘Aarsaa koo, jechuunis nyaata koo dhiheessuu hin dagatinaa. Aarsaawwan koo warri urgaan isaanii gammachiisuu* fi ibiddaan anaaf dhihaatan yeroo isaaniif ramadametti dhihaachuu qabu.’+
3 “Akkana isaaniin jedhi: ‘Aarsaan ibiddaan dhihaatu inni isin Yihowaadhaaf dhiheessitan kana dha: yeroo hundumaa guyyaa guyyaadhaan hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko guutan lama.+ 4 Xobbaallaa hoolaa kormaa isa tokko ganama, xobbaallaa hoolaa kormaa isa kan biraa immoo yeroo dimimmisaaʼu* ni dhiheessita;+ 5 kanaa wajjinis daakuu bullaaʼaa eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko taʼee fi zayitii ejersa tumame irraa argamu hiinii* tokko keessaa harka afur keessaa harka tokkoon makame aarsaa midhaanii gootee ni dhiheessita.+ 6 Kun akka dambii Gaara Siinaa irratti baʼetti aarsaa yeroo hundumaa dhihaatuu+ fi urgaan isaa gammachiisu,* jechuunis aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu sana dha; 7 tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaa kormaa sanaa wajjinis aarsaan dhugaatii hiinii tokko keessaa harka afur keessaa harki tokko ni dhihaata.+ Dhugaatii alkoolii kanas Yihowaadhaaf aarsaa dhugaatii godhiitii iddoo qulqulluu irratti dhangalaasi. 8 Xobbaallaa hoolaa kormaa isa kan biraa immoo yommuu dimimmisaaʼu* ni dhiheessita. Isaa wajjinis aarsaa midhaanii fi aarsaa dhugaatii isa ganama dhihaatuu wajjin wal fakkaatu ni dhiheessita; kanas aarsaa ibiddaan dhihaatuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootee ni dhiheessita.+
9 “‘Haa taʼu malee, aarsaan guyyaa Sanbataatti+ dhihaatu, hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼanii fi mudaa hin qabne lama, akkasumas aarsaa midhaaniitiif akka taʼutti daakuu bullaaʼaan zayitiidhaan makame safartuu eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki lama aarsaa dhugaatii wajjin haa dhihaatu. 10 Kun aarsaa gubamu isa Sanbataaf dhihaatu dha; innis aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatu sanaa fi aarsaa dhugaatii isaa wajjin ni dhihaata.+
11 “‘Jalqaba jiʼa hundumaatti* jibicha mudaa hin qabne lama, korbeessa hoolaa tokkoo fi hoolota xobbaallaa kormaa mudaa hin qabnee fi waggaa tokko taʼan torba aarsaa gubamu gootanii Yihowaadhaaf ni dhiheessitu;+ 12 tokkoon tokkoon jibicha sanaatiif aarsaa midhaanii+ daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii, korbeessa hoolaa sanaaf aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lama,+ 13 akkasumas tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaa kormaa sanaaf aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko aarsaa gubamu, jechuunis aarsaa urgaan isaa gammachiisuu*+ fi Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhaa dhiheessaa. 14 Jibicha sanaaf daadhii wayinii walakkaa hiinii tokkoo,+ korbeessa hoolaa sanaaf hiinii tokko keessaa harka sadii keessaa harka tokko,+ akkasumas xobbaallaa hoolaa kormaa sanaaf hiinii tokko keessaa harka afur keessaa harka tokko aarsaa dhugaatii isaanii gootanii ni dhiheessitu.+ Kun aarsaa gubamu isa waggaa guutuu jiʼa jiʼaan dhihaatu dha. 15 Kana malees, aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi aarsaa dhugaatii isaa sana irratti dabalamee xobbaallaan reʼee tokko aarsaa cubbuu taʼee Yihowaadhaaf haa dhihaatu.
16 “‘Jiʼa isa jalqabaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 14ffaatti Faasikaan Yihowaa ni kabajama.+ 17 Jiʼa kana keessaa guyyaa 15ffaatti immoo ayyaanni tokko ni kabajama. Guyyaa torbaaf maxinoon ni nyaatama.+ 18 Guyyaa jalqabaatti walgaʼii qulqulluun ni godhama. Guyyaa kanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa. 19 Isin jibicha lama, korbeessa hoolaa tokkoo fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan torba aarsaa gubamu isa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu gootanii ni dhiheessitu. Horiiwwan mudaa hin qabne dhiheessaa.+ 20 Isaanii wajjinis aarsaa midhaanii isaanii akka taʼutti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame,+ jibicha sanaaf safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii, korbeessa hoolaa sanaaf immoo safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lama dhiheessaa. 21 Hoolota xobbaallaa kormaa torban sanaaf tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaa kormaa sanaaf safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko dhiheessaa; 22 kana malees, araara akka isiniif argamsiisuuf aarsaa cubbuutiif reʼee tokko dhiheessaa. 23 Isin aarsaa gubamu isa ganamaa, jechuunis aarsaa isa yeroo hundumaa gubamu sana malees wantoota kana ni dhiheessitu. 24 Haaluma wal fakkaatuun wantoota kana guyyaa guyyaadhaan guyyaa torbaaf akka nyaataatti,* aarsaa ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootanii ni dhiheessitu. Kunis aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatu sanaa fi aarsaa dhugaatii isaa wajjin haa dhihaatu. 25 Guyyaa torbaffaatti walgaʼii qulqulluu godhadhaa.+ Guyyaa kanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa.+
26 “‘Guyyaa firii jalqaba bilchaateetti,+ jechuunis yeroo kennaa midhaanii isa haaraa Yihowaadhaaf dhiheessitanitti,+ ayyaana torbeewwanii keessaniitti walgaʼii qulqulluu godhadhaa.+ Guyyaa kanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa.+ 27 Jibicha lama, korbeessa hoolaa tokkoo fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan torba aarsaa gubamu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootanii ni dhiheessitu;+ 28 aarsaa midhaanii isaanii akka taʼutti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame, tokkoon tokkoon jibicha sanaatiif safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii, korbeessa hoolaa sanaaf safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lama, 29 hoolota xobbaallaa kormaa torban sanaaf tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaa kormaa sanaaf safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko dhiheessaa; 30 kana malees, araara akka isiniif argamsiisuuf xobbaallaa reʼee tokko dhiheessaa.+ 31 Isin aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi aarsaa midhaanii isaa sana irratti dabaltanii wantoota kana aarsaa dhugaatii isaanii wajjin ni dhiheessitu. Horiiwwan kun mudaa kan hin qabne haa taʼan.+
29 “‘Jiʼa torbaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa isa jalqabaatti walgaʼii qulqulluu godhadhaa. Guyyaa kanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa.+ Guyyaan kun guyyaa malakata itti afuuftani dha.+ 2 Jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan torba aarsaa gubamu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootanii ni dhiheessitu; hundi isaanii mudaa kan hin qabne haa taʼan; 3 aarsaa midhaanii isaaniis daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame, jibicha sanaaf safartuu eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii, korbeessa hoolaa sanaaf safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lama, 4 akkasumas hoolota xobbaallaa kormaa torban sanaaf tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaatiif safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko ni dhiheessitu; 5 araara akka isiniif argamsiisuufis aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee kormaa tokko ni dhiheessitu. 6 Kanas aarsaa gubamu isa jiʼa jiʼaan dhihaatuu fi aarsaa midhaanii isaa,+ akkasumas aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi aarsaa midhaanii+ isaa, aarsaawwan dhugaatii+ isaanii wajjin akkuma yeroo hundumaa godhamutti aarsaa urgaan isaa gammachiisuu* fi Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu sana irratti dabaltanii ni dhiheessitu.
7 “‘Jiʼa torbaffaa kana keessaa guyyaa kurnaffaatti walgaʼii qulqulluu godhadhaa;+ ofis cunqursaa.* Yeroo kanatti hojii akkamii iyyuu hin hojjetinaa.+ 8 Jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan torba aarsaa gubamu isa urgaan isaa gammachiisuu* fi Yihowaadhaaf dhihaatu gootanii ni dhiheessitu; hundi isaanii mudaa kan hin qabne haa taʼan.+ 9 Aarsaa midhaanii isaaniis daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame, jibicha sanaaf safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii, korbeessa hoolaa sanaaf safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lama, 10 akkasumas hoolota xobbaallaa kormaa torban sanaaf tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaatiif safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko ni dhiheessitu; 11 aarsaa cubbuu isa araara argamsiisu,+ aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi aarsaa midhaanii isaa, akkasumas aarsaawwan dhugaatii isaanii malees, xobbaallaa reʼee tokko aarsaa cubbuu gootanii ni dhiheessitu.
12 “‘Jiʼa torbaffaa keessaa guyyaa 15ffaatti walgaʼii qulqulluu godhadhaa. Guyyaa kanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa; guyyaa torbaaf Yihowaadhaaf ayyaana kabajaa.+ 13 Jibicha 13, korbeeyyii hoolaa 2 fi hoolota xobbaallaa waggaa tokko taʼan 14 aarsaa gubamu,+ jechuunis aarsaa ibiddaan dhihaatuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootanii ni dhiheessitu; hundi isaanii mudaa kan hin qabne haa taʼan.+ 14 Aarsaa midhaanii isaaniis daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame, jiboota 13n sanaaf tokkoon tokkoon jibichaatiif safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii, korbeeyyii hoolaa 2n sanaaf tokkoon tokkoon korbeessa hoolaatiif safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lama, 15 akkasumas hoolota xobbaallaa kormaa 14n sanaaf tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaatiif safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko ni dhiheessitu; 16 aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi aarsaa midhaanii isaa, akkasumas aarsaa dhugaatii isaa malees, xobbaallaa reʼee tokko aarsaa cubbuu gootanii ni dhiheessitu.+
17 “‘Guyyaa lammaffaatti jiboota 12, korbeeyyii hoolaa 2 fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan 14 ni dhiheessitu; hundi isaanii mudaa kan hin qabne haa taʼan;+ 18 jiboota kanaaf, korbeeyyii hoolaa kanaa fi hoolota xobbaallaa kormaa kanaaf akka lakkoofsa isaaniitti akkuma yeroo hundumaa godhamutti aarsaa midhaanii isaanii fi aarsaawwan dhugaatii isaanii ni dhiheessitu; 19 aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi aarsaa midhaanii isaa, akkasumas aarsaawwan dhugaatii isaanii malees, xobbaallaa reʼee tokko aarsaa cubbuu gootanii ni dhiheessitu.+
20 “‘Guyyaa sadaffaatti jiboota 11, korbeeyyii hoolaa 2 fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan 14 ni dhiheessitu; hundi isaanii mudaa kan hin qabne haa taʼan;+ 21 jiboota kanaaf, korbeeyyii hoolaa kanaa fi hoolota xobbaallaa kormaa kanaaf akka lakkoofsa isaaniitti akkuma yeroo hundumaa godhamutti aarsaa midhaanii isaanii fi aarsaawwan dhugaatii isaanii ni dhiheessitu; 22 aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi aarsaa midhaanii isaa, akkasumas aarsaa dhugaatii isaa malees, reʼee tokko aarsaa cubbuu gootanii ni dhiheessitu.+
23 “‘Guyyaa arfaffaatti jiboota 10, korbeeyyii hoolaa 2 fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan 14 ni dhiheessitu; hundi isaanii mudaa kan hin qabne haa taʼan;+ 24 jiboota kanaaf, korbeeyyii hoolaa kanaa fi hoolota xobbaallaa kormaa kanaaf akka lakkoofsa isaaniitti akkuma yeroo hundumaa godhamutti aarsaa midhaanii isaanii fi aarsaawwan dhugaatii isaanii ni dhiheessitu; 25 aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi aarsaa midhaanii isaa, akkasumas aarsaa dhugaatii isaa malees, xobbaallaa reʼee tokko aarsaa cubbuu gootanii ni dhiheessitu.+
26 “‘Guyyaa shanaffaatti jiboota 9, korbeeyyii hoolaa 2 fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan 14 ni dhiheessitu; hundi isaanii mudaa kan hin qabne haa taʼan;+ 27 jiboota kanaaf, korbeeyyii hoolaa kanaa fi hoolota xobbaallaa kormaa kanaaf akka lakkoofsa isaaniitti akkuma yeroo hundumaa godhamutti aarsaa midhaanii isaanii fi aarsaawwan dhugaatii isaanii ni dhiheessitu; 28 aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi aarsaa midhaanii isaa, akkasumas aarsaa dhugaatii isaa malees, reʼee tokko aarsaa cubbuu gootanii ni dhiheessitu.+
29 “‘Guyyaa jaʼaffaatti jiboota 8, korbeeyyii hoolaa 2 fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan 14 ni dhiheessitu; hundi isaanii mudaa kan hin qabne haa taʼan;+ 30 jiboota kanaaf, korbeeyyii hoolaa kanaa fi hoolota xobbaallaa kormaa kanaaf akka lakkoofsa isaaniitti akkuma yeroo hundumaa godhamutti aarsaa midhaanii isaanii fi aarsaawwan dhugaatii isaanii ni dhiheessitu; 31 aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi aarsaa midhaanii isaa, akkasumas aarsaawwan dhugaatii isaa malees, reʼee tokko aarsaa cubbuu gootanii ni dhiheessitu.+
32 “‘Guyyaa torbaffaatti jiboota 7, korbeeyyii hoolaa 2 fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan 14 ni dhiheessitu; hundi isaanii mudaa kan hin qabne haa taʼan;+ 33 jiboota kanaaf, korbeeyyii hoolaa kanaa fi hoolota xobbaallaa kormaa kanaaf akka lakkoofsa isaaniitti akkuma yeroo hundumaa godhamutti aarsaa midhaanii isaanii fi aarsaawwan dhugaatii isaanii ni dhiheessitu; 34 aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi aarsaa midhaanii isaa, akkasumas aarsaa dhugaatii isaa malees, reʼee tokko aarsaa cubbuu gootanii ni dhiheessitu.+
35 “‘Guyyaa saddeettaffaatti walgaʼii qulqulluu godhadhaa. Guyyaa kanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa.+ 36 Jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan torba aarsaa gubamu, jechuunis aarsaa ibiddaan dhihaatuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootanii ni dhiheessitu; hundi isaanii mudaa kan hin qabne haa taʼan;+ 37 jibicha kanaaf, korbeessa hoolaa kanaa fi hoolota xobbaallaa kormaa kanaaf akka lakkoofsa isaaniitti akkuma yeroo hundumaa godhamutti aarsaa midhaanii isaanii fi aarsaawwan dhugaatii isaanii ni dhiheessitu; 38 aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi aarsaa midhaanii isaa, akkasumas aarsaa dhugaatii isaa malees, reʼee tokko aarsaa cubbuu gootanii ni dhiheessitu.+
39 “‘Kennaawwan wareegaa+ keessanii fi aarsaawwan fedhiidhaan dhiheessitan+ warra akka aarsaa keessan isa gubamuutti,+ akka aarsaawwan midhaanii+ keessaniitti, akka aarsaawwan dhugaatii+ keessaniittii fi akka aarsaawwan gamtaa+ keessaniitti dhiheessitan sana malees, ayyaanota keessan warra yeroo murtaaʼetti kabajamanitti+ wantoota kana Yihowaadhaaf ni dhiheessitu.’” 40 Museenis wanta Yihowaan isa ajaje hundumaa Israaʼelotatti ni hime.
30 Achiis Museen dura buutota+ gosoota Israaʼeliin akkana jedhe: “Ajajni Yihowaan kenne kana dha: 2 Namni tokko Yihowaadhaaf wareega tokko yoo wareege+ yookiin wanta tokko irraa of qusachuuf wareega tokko wareeguudhaan+ dirqama keessa yoo of* galche, wanta jedhe sana cabsuu hin qabu.+ Wanta raawwachuuf kakate sana hundumaa raawwachuu qaba.+
3 “Intalli takka dargaggummaa ishiitti utuma mana abbaa ishii keessa jirtuu Yihowaadhaaf wareega tokko yoo wareegde yookiin wanta tokko irraa of qusachuuf wareega wareeguudhaan dirqama keessa yoo of galchite, 4 abbaan ishiis wareega ishii yookiin wanta tokko irraa of qusachuuf wareega wareeguudhaan dirqama keessa of* galchuu ishii dhagaʼee yoo ishii mormuu baate, wareegni ishii hundi dhaabbataa ni taʼa; wanta tokko irraa of qusachuuf wareega wareeguudhaan wanti dirqama keessa itti of galchite hundis dhaabbataa ni taʼa. 5 Haa taʼu malee, abbaan ishii wareegaan yookiin wanta tokko irraa of qusachuuf wareega wareeguudhaan dirqama keessa of galchuu ishii dhagaʼee yoo ishii dhowwe wareegni sun dhaabbataa hin taʼu. Abbaan ishii waan ishii dhowweef Yihowaan ishiidhaaf dhiifama ni godha.+
6 “Haa taʼu malee, ishiin kakaa ishii yookiin waadaa ariifattee galuudhaan dirqama keessa itti of galchite jala utuma jirtuu nama tokkotti yoo heerumte, 7 abbaan manaa ishiis kana dhagaʼee guyyaa dhagaʼe sanatti yoo ishii mormuu baate, wareegni ishii yookiin wanta tokko irraa of qusachuuf wareega wareeguudhaan wanti dirqama keessa itti of galchite sun dhaabbataa ni taʼa. 8 Abbaan manaa ishii guyyaa kana dhagaʼetti yoo ishii dhowwe garuu, inni wareega sana yookiin waadaa ariifattee galuudhaan dirqama keessa itti of galchite sana diiguu ni dandaʼa;+ Yihowaanis ishiidhaaf dhiifama ni godha.
9 “Haa taʼu malee, dubartiin abbaan manaa irraa duʼe yookiin dubartiin abbaa manaa ishii wajjin wal hiikte takka wareega tokko yoo wareegde, wanti ishiin dirqama keessa itti of galchite hundi dhaabbataa ni taʼa.
10 “Haa taʼu malee, dubartiin takka utuma mana abbaa manaa ishii keessa jirtuu wareega tokkoon yookiin wanta tokko irraa of qusachuuf wareega wareeguudhaan dirqama keessa yoo of galchite, 11 abbaan manaa ishiis kana dhagaʼee yoo ishii mormuu yookiin ishii diduu baate, wareegni ishii yookiin wareegni wanta tokko irraa of qusachuuf dirqama keessa itti of galchite kam iyyuu dhaabbataa ni taʼa. 12 Haa taʼu malee, abbaan manaa ishii guyyaa kana dhagaʼetti wanta ishiin wareegde yookiin wareega wanta tokko irraa of qusachuuf wareegde kam iyyuu guutummaatti yoo diige, wareegni sun dhaabbataa hin taʼu.+ Abbaan manaa ishii isa waan diigeef, Yihowaan ishiidhaaf dhiifama ni godha. 13 Wareega yookiin kakaa wareega of* cunqursuuf jecha wanta tokko irraa of qusachuuf wareegamu kam iyyuu ilaalchisee, abbaan manaa ishii wareegni sun dhaabbataa akka taʼu yookiin akka diigamu murteessuu qaba. 14 Guyyoonni darbaa yommuu deeman abbaan manaa ishii matumaa yoo ishii mormuu baate garuu, inni wareegni ishii fi wareegni wanta tokko irraa of qusachuuf wareegde hundi dhaabbataa akka taʼu godheera jechuu dha. Guyyaa wareega sana wareeguu ishii dhagaʼetti waan ishii hin mormineef, inni wareega sana dhaabbataa godheera. 15 Yeroo booda, jechuunis wareega sana erga dhagaʼee guyyoota muraasa booda wareega sana yoo diige garuu, inni rakkoowwan yakka ishiitiin dhufan ni baata.+
16 “Kun abbaa manaa tokkoo fi haadha manaa isaa, akkasumas abbaa tokkoo fi intala isaa ishii dargaggeettii taatee fi mana isaa keessa jiraattu ilaalchisee dambiiwwan Yihowaan Musee ajaje dha.”
31 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Israaʼelotaaf Miidiyaanota+ irratti haaloo baʼi.+ Sana booda gara saba keetti walitti ni qabamta.”*+
3 Kanaafuu Museen akkana jedhee sabichatti dubbate: “Miidiyaan irratti Yihowaadhaaf haaloo baʼuuf isin gidduudhaa dhiirota Miidiyaaniin lolan hidhachiisaa. 4 Gosoota Israaʼel hundumaa keessaa tokkoon tokkoon gosaa keessaa namoota 1,000 gara raayyaa waraanaatti ergaa.” 5 Kanaafuu, Israaʼelota kumaan lakkaaʼaman keessaa+ tokkoon tokkoon gosaa keessaa namoonni 1,000 ni ramadaman; akka kanaan namoonni 12,000 waraanaaf ni hidhatan.
6 Achiis Museen tokkoon tokkoon gosaa keessaa namoota 1,000 gara raayyaa waraanaatti ni erge; isaanii wajjinis raayyaa waraanaa sanaaf Finahaas+ ilma Eleʼazaar lubichaa isa miʼawwan qulqulluu fi malakata+ waraanaa harka isaatti qabate sana ni erge. 7 Isaanis akkuma Yihowaan Musee ajajetti Miidiyaan irratti waraana ni banan; dhiira hundumaas ni ajjeesan. 8 Warra ajjeefaman kaan malees, mootota Miidiyaan shanan jechuunis Eewii, Reeqem, Zuur, Huurii fi Reebaa ni ajjeesan. Balaʼaam+ ilma Beʼoriinis goraadeedhaan ni ajjeesan. 9 Haa taʼu malee, Israaʼelonni dubartootaa fi ijoollee Miidiyaan boojiʼanii fudhatan. Kana malees, isaan bushaayeewwan isaanii hundumaa, beeladoota isaanii hundumaa fi qabeenya isaanii hundumaa ni saaman. 10 Magaalota isaanii warra keessa jiraachaa turan hundumaa fi buufatawwan* isaanii hundumaa ibiddaan ni guban. 11 Isaan namas taʼe horii wantoota boojiʼamanii fi saamaman hundumaa ni fudhatan. 12 Achiis wanta boojiʼame, wanta saamamee fi wanta qabame sana gara Musee, gara Eleʼazaar lubichaa fi gara guutummaa yaaʼii Israaʼelitti, gara buufata isa gammoojjii Moʼaab+ isa Yerikoo gamatti Yordaanos biratti argamu keessa jiruutti fidan.
13 Yeroo kanatti Museen, Eleʼazaar lubichii fi ajajjoonni yaaʼichaa hundi buufatichaa alatti isaan argachuuf gad baʼan. 14 Haa taʼu malee, Museen dhiirota raayyaa waraanaa sana irratti muudaman, jechuunis ajajjoota kumaa fi ajajjoota dhibbaa warra duula waraanaa sana irraa deebiʼaa turanitti ni dheekkame. 15 Akkana isaaniin jedhe: “Isin dubartoota hundumaa lubbuudhaan ni oolchitanii? 16 Pheʼorii wajjin haala wal qabateen+ dubbii Balaʼaam dhagaʼanii Israaʼelonni Yihowaadhaaf amanamoo akka hin taane kan isaan dogoggorsanii+ fi kanaan kan kaʼes, yaaʼii Yihowaa irratti dhaʼichi akka dhufu kan godhan isaan turan.+ 17 Ammas ijoollee keessaa dhiira hundumaa fi dubartii dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwattee beektu hundumaa ajjeesaa. 18 Haa taʼu malee shamarran dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwatanii hin beekne hundumaa lubbuudhaan dhiisuu dandeessu.+ 19 Guyyaa torbaafis buufatichaa ala buufadhaa. Isin keessaas taʼe warra boojitan keessaa, namni nama* ajjeesee fi namni reeffa namaa tuqe+ kam iyyuu guyyaa sadaffaattii fi guyyaa torbaffaatti of haa qulqulleessu.+ 20 Uffata hundumaa, miʼa gogaa irraa tolfame hundumaa, wanta rifeensa reʼee irraa tolfame hundumaa fi miʼa muka irraa tolfame hundumaa qulqulleessaa.”*
21 Achiis Eleʼazaar lubichi namoota raayyaa waraanaa sana keessa jiranii fi gara waraanaa dhaqanii turan sanaan akkana jedhe: “Seerri Yihowaan Musee ajaje kana dha: 22 ‘Warqii, meetii, sibiila diimaa, sibiila, qorqorroo fi sibiila irsaasii 23 warra ibidda dandamachuu dandaʼan qofa ibidda keessa akka darban godhaa; isaanis qulqulluu ni taʼu. Taʼus, wantoonni kun bishaan qulqulleessuuf ooluun qulqulleeffamuu qabu.+ Wanta ibidda dandamachuu hin dandeenye hundumaa bishaanicha keessa dabarsaa. 24 Isinis guyyaa torbaffaatti uffata keessan miiccadhaatii qulqullaaʼaa; achiis gara buufatichaatti seenuu dandeessu.’”+
25 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 26 “Eleʼazaar lubichaa fi dura buutota manneen abbootii yaaʼichaa wajjin taʼiitii wanta saamame lakkaaʼi; namootaa fi horiiwwan boojiʼamanis lakkaaʼi. 27 Namoota raayyaa waraanaa keessa jiran warra gara waraanichaa dhaqanii fi namoota yaaʼicha keessatti argaman kaan hundumaatiif akka hiramuuf wanta saamame sana bakka lamatti qoodi.+ 28 Yihowaadhaaf gibira akka taʼuuf, loltoota gara waraanaa dhaqan irraa namoota, loon, harrootaa fi hoolota keessaa 500 keessaa lubbuu* tokko fudhadhu. 29 Yihowaadhaaf buusii akka taʼutti walakkaa isa isaaniif kenname keessaa kana fudhadhuutii Eleʼazaar lubichaaf kenni.+ 30 Walakkaa isa Israaʼelotaaf kenname keessaa immoo namoota, loon, harroota, hoolotaa fi beelada akaakuu hundumaa keessaa 50 keessaa tokko fuudhiitii Leewwota+ warra godoo qulqulluu Yihowaa wajjin haala wal qabateen itti gaafatamummaa qaban raawwataniif+ kenni.”
31 Kanaafuu, Musee fi Eleʼazaar lubichi akkuma Yihowaan Musee ajaje ni godhan. 32 Boojuunii fi wantoonni namoonni gara duulaa dhaqan sun saaman kaan walumaa galatti hoolota 675,000, 33 loon 72,000, 34 akkasumas harroota 61,000 turan. 35 Shamarran dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwatanii hin beekne+ walumaa galatti durboota* 32,000 turan. 36 Gaʼee walakkaan namoota gara waraanaa dhaqanii walumaa galatti hoolota 337,500 ture. 37 Hoolota keessaa gibirri Yihowaadhaaf kenname walumaa galatti 675 ture. 38 Loon 36,000 kan turan yeroo taʼu, isaan keessaa gibirri Yihowaadhaaf kenname 72 ture. 39 Harroonni 30,500 kan turan yeroo taʼu, isaan keessaa gibirri Yihowaadhaaf kenname 61 ture. 40 Akkasumas namoonni* 16,000 kan turan yeroo taʼu, isaan keessaa gibirri Yihowaadhaaf kenname namoota* 32 turan. 41 Achiis Museen akkuma Yihowaan isa ajajetti gibira sana buusii Yihowaadhaaf kennamu godhee Eleʼazaar lubichatti ni kenne.+
42 Walakkaan inni kan Israaʼelotaa, inni Museen gaʼee namoota waraana irratti hirmaatanii turan irraa isaaniif hire kana ture; 43 walakkaan kun hoolota 337,500, 44 loon 36,000, 45 harroota 30,500, 46 akkasumas namoota 16,000 ture. 47 Achiis Museen walakkaa isa Israaʼelotaaf kenname keessaa, namootaa fi horiiwwan keessaa 50 keessaa tokko fuudhee akkuma Yihowaan isa ajajetti Leewwota+ warra godoo qulqulluu Yihowaa wajjin haala wal qabateen itti gaafatamummaa qaban raawwataniif+ ni kenne.
48 Achiis raayyaa waraanaa kumaatama keessaa namoonni muudaman,+ jechuunis ajajjoonni kumaa fi ajajjoonni dhibbaa sun gara Musee dhufanii 49 akkana isaan jedhan: “Nuti tajaajiltoonni kee namoota waraana dhaqanii turanii fi ajaja keenya jala jiran lakkoofneerra; nu keessaa tokko illee hin hirʼanne.+ 50 Kanaafuu, Yihowaa duratti araara akka ittiin argannuuf, tokkoon tokkoon keenya wanta arganne, jechuunis miʼawwan warqii, albuuwwan,* bitawoowwan,* qubeellaawwan chaappaa, lootiiwwanii fi faayawwan kan biroo Yihowaadhaaf kennaa goonee haa dhiheessinu.”
51 Kanaafuu, Musee fi Eleʼazaar lubichi warqicha, jechuunis faayawwan sana hundumaa isaan irraa ni fuudhan. 52 Warqiin ajajjoonni kumaa fi ajajjoonni dhibbaa Yihowaadhaaf buusii godhan hundi walumaa galatti sheeqilii* 16,750 ture. 53 Namoonni raayyaa waraanaa sana keessa turan tokkoon tokkoon isaanii wanta saaman sana irraa gaʼee ofii isaanii fudhatanii turan. 54 Musee fi Eleʼazaar lubichi warqii sana ajajjoota kumaa fi ajajjoota dhibbaa irraa fuudhanii Yihowaa duratti saba Israaʼeliif yaadannoo akka taʼutti gara dunkaana walgaʼiitti fidan.
32 Ilmaan Ruubenii+ fi ilmaan Gaad+ horii hedduu qabu turan; isaanis biyyi Yaazeerii+ fi biyyi Giiliyaad naannoo horiidhaaf gaarii taʼe taʼuu isaa ni argan. 2 Kanaafuu, ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruuben gara Musee, gara Eleʼazaar lubichaa fi gara ajajjoota yaaʼichaa dhufanii akkana isaaniin jedhan: 3 “Ataarot, Diboon, Yaazeer, Nimraan, Heshboon,+ Eleʼaaleen, Seebaam, Neboonii+ fi Beʼoon,+ 4 biyyi Yihowaan yaaʼii Israaʼel duratti injifate sun+ biyya horiidhaaf gaarii taʼe dha; nuti tajaajiltoonni kee immoo horii hedduu qabna.”+ 5 Achiis itti fufuudhaan, “Nuti si duratti fudhatama arganneerra yoo taʼe, lafti kun nu tajaajiltoota keetiif dhaalaan haa kennamu. Yordaanos gamatti akka ceenu hin godhin” jedhan.
6 Achiis Museen ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeniin akkana jedhe: “Isin utuma as jiraattanii obboloonni keessan gara waraanaa dhaquu qabuu? 7 Sabni Israaʼel gara biyya Yihowaan dhugumaan isaaniif kennutti akka hin ceene abdii kan isaan kutachiistan maaliifi? 8 Ani biyyattii akka ilaalaniif Qaadesh Barneʼaa keessaa yommuun isaan ergetti wanti abbootiin keessan godhan kanuma ture.+ 9 Isaan yeroo gara Sulula* Eshkoolitti ol baʼanii+ biyyattii ilaalanii turanitti, gara biyya Yihowaan isaaniif kennuuf turetti akka hin galle saba Israaʼel abdii kutachiisanii turan.+ 10 Guyyaa sanatti aariin Yihowaa waan bobaʼeef inni akkana jedhee kakate:+ 11 ‘Isaan garaa isaanii guutuudhaan ana duukaa waan hin buuneef, namoota biyya Gibxiitii baʼan keessaa warri umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe biyya ani, Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakadhe sana+ hin argan;+ 12 Kaaleb+ ilmi Yofunee Qeenizichaa fi Iyyaasuun+ ilmi Nuun garaa isaanii guutuudhaan Yihowaa duukaa waan buʼaniif,+ isaan qofatu biyyattii arga.’ 13 Kanaafuu, aariin Yihowaa Israaʼel irratti ni bobaʼe; innis hamma dhaloonni Yihowaa duratti wanta hamaa gochaa ture sun hundi dhumutti,+ waggaa 40f lafa onaa keessa akka jooran ni godhe.+ 14 Ammas isin sanyii namoota cubbamoo warra aariin Yihowaa Israaʼel irratti akka dabalu godhan sanaa taʼuudhaan abbootii keessan bakka buutanii kaataniittu. 15 Isin isa duukaa buʼuu irraa yoo deebitan, inni dhugumaan ammas lafa onaa keessatti sabicha ni dhiisa; isinis guutummaa sabichaa irratti badiisa ni fiddu.”
16 Boodas isaan gara isaa deemanii akkana jedhan: “Bakka kanatti horiiwwan keenyaaf dallaa dhagaa, ijoollee keenyaaf immoo magaalota haa ijaarru. 17 Haa taʼu malee, waraanaaf qophaaʼuu keenya itti fufna;+ hamma gara biyya isaaniitti isaan galchinuttis Israaʼelota dura ni deemna; yeroo kanatti ijoolleen keenya magaalota dallaa dhagaa qabanii fi jiraattota biyyattii irraa eegumsa itti argatan keessa ni jiraatu. 18 Israaʼelonni tokkoon tokkoon isaanii lafa isaanii dhaalaan hamma fudhatanitti gara mana keenyaatti hin deebinu.+ 19 Nuti dhaala keenya isa Yordaanos irraa gara bahaatti argamu waan fudhanneef, isaanii wajjin dhaala Yordaanos irraa gara kallattii isa kaaniitti argamuu fi isa booda jiru hin fudhannu.”+
20 Museenis akkana jedhee isaaniif deebise: “Taanaan akkana godhaa: Yihowaa duratti waraanaaf hidhadhaa;+ 21 Yommuu inni diinota isaa of duraa ariʼutti+ tokkoon tokkoon keessan waraanaaf yoo hidhattanii fi Yihowaa dura Yordaanos gamatti yoo ceetan, 22 hamma biyyattiin Yihowaadhaaf bitamtuttis+ akkana yoo gootan, sana booda deebiʼuu ni dandeessu;+ Yihowaa fi Israaʼel durattis yakka irraa bilisa ni taatu. Biyyi kunis Yihowaa duratti dhaala keessan ni taati.+ 23 Kana hin gootan taanaan garuu, isin Yihowaa irratti cubbuu hojjettu. Cubbuu keessaniifis akka adabamtan beekaa. 24 Kanaafuu, ijoollee keessaniif magaalota, bushaayeewwan keessaniif immoo dallaa dhagaa ijaaruu ni dandeessu;+ garuu waadaa galtan raawwachuu qabdu.”
25 Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubenis Museedhaan akkana jedhan: “Nuti tajaajiltoonni kee akkuma gooftaan keenya ajaje ni goona. 26 Ijoolleen keenya, haadhotiin manaa keenya, horiiwwan keenyaa fi beeladoonni keenya hundi magaalota Giiliyaad keessa ni taaʼu;+ 27 Haa taʼu malee, akkuma gooftaan keenya jedhe tajaajiltoonni kee, jechuunis dhiironni Yihowaa duratti waraana irratti hirmaachuuf hidhatan hundi ni ceʼu.”+
28 Kanaafuu, Museen isaaniin ilaalchisee Eleʼazaar lubichaaf, Iyyaasuu ilma Nuunii fi dura buutota manneen abbootii gosoota Israaʼeliif ajaja ni kenne. 29 Museen akkana isaaniin jedhe: “Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruuben keessaa dhiironni Yihowaa duratti waraanaaf hidhatan hundi isinii wajjin Yordaanos gamatti yoo ceʼanii fi biyyattiin toʼannaa keessan jala yoo galte, isin biyya Giiliyaad akka dhaalaatti isaaniif ni kennitu.+ 30 Isaan waraanaaf hidhatanii isinii wajjin hin ceʼan taanaan garuu, biyya Kanaʼaan keessa isin gidduu ni jiraatu.”
31 Yeroo kanatti ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruuben akkana jedhanii deebisan: “Wanta Yihowaan nu tajaajiltoota keetti dubbate ni raawwanna. 32 Nuti waraanaaf hidhannee Yihowaa dura gara biyya Kanaʼaanitti ni ceena;+ biyyi nuti dhaallu garuu isa Yordaanos irraa gamanatti argamu taʼa.” 33 Kanaafuu, Museen bulchiinsa Sihoon+ isa mootii Amoorotaa taʼe sanaa fi bulchiinsa Oog+ isa mootii Baashaan taʼe sanaa, jechuunis biyya isa naannoowwan sana keessatti qabeenya magaalota isaa taʼee fi magaalota biyya isa isatti marsee argamu sanaa isaaniif, jechuunis ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeniif,+ akkasumas walakkaa gosa Minaasee+ isa ilma Yoseef taʼeef ni kenne.
34 Ilmaan Gaad magaalota Diboon,+ Ataarot,+ Aroʼer,+ 35 Atroot Shoofaan, Yaazeer,+ Yogbehaa,+ 36 Beet Nimraa+ fi Beet Kaaraan+ warra dallaa dhagaa qaban ni ijaaran;* akkasumas bushaayeewwan isaaniitiif dallaawwan dhagaa ni ijaaran. 37 Ilmaan Ruuben immoo magaalota Heshboon,+ Eleʼaalee,+ Qiriyaataayim,+ 38 Neboo+ fi Baʼaal Meʼoon+ warra maqaan isaanii jijjiirame, akkasumas Sibmaa ni ijaaran; magaalota deebisanii ijaaran sanas maqaa isaanii ni jijjiiran.
39 Ilmaan Maakiir+ isa ilma Minaasee taʼe sanaa Giiliyaad irratti duulanii ishii qabachuudhaan Amoorota achi keessa turan ni ariʼan. 40 Kanaafuu, Museen Giiliyaadiin Maakiir isa ilma Minaasee taʼeef ni kenne; innis ishii keessa jiraachuu jalqabe.+ 41 Achiis Yaaʼir ilmi Minaasee isaan irratti duulee gandeen isaanii warra dunkaanaan ijaaraman ni qabate; maqaa isaaniis Hawoot Yaaʼir* jedhee moggaase.+ 42 Nobaanis Qeenaat irratti duulee ishii fi magaalota ishii jalatti* argaman ni qabate; maqaa ishiis maqaa ofii isaatiin Nobaa jedhee moggaase.
33 Sabni Israaʼel akka garee garee* isaaniitti+ qajeelfama Musee fi Aaron jala taʼuudhaan+ yeroo biyya Gibxii keessaa baʼanitti+ akkaataan imala isaanii kana ture. 2 Museenis ajaja Yihowaatiin akkaataa isaan itti imalaa turaniin iddoowwan isaan irraa kaʼanii deeman ni galmeessa ture; akkaataa isaan bakka tokko irraa kaʼanii gara bakka kaanitti itti imalan kana ture:+ 3 Isaanis jiʼa isa jalqabaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 15ffaatti+ Raamsees irraa kaʼanii ni deeman.+ Israaʼelonni guyyuma Ayyaana Faasikaa+ booda jirutti namoonni Gibxii hundi utuma isaan ilaalanii sodaa malee* baʼanii deeman. 4 Yeroo kanatti warri Gibxii angafoota warra Yihowaan isaan gidduudhaa rukute+ hundumaa awwaalaa turan; sababiin isaas, Yihowaan waaqolii isaanii adabee ture.+
5 Israaʼelonnis Raamsees keessaa baʼanii Suukoot+ keessa buufatan. 6 Achiis Suukoot keessaa baʼanii Eetaam ishii qarqara lafa onaatti argamtu keessa buufatan.+ 7 Eetaam keessaa baʼaniis gara Phihaahiroot ishii Baʼaal Zefoon+ fuulleetti argamtutti deebiʼanii Migdool+ fuuldura buufatan. 8 Sana booda Phihaahiroot keessaa baʼanii galaanicha gidduu darbuudhaan+ gara lafa onaatti qajeelan;+ achiis guyyaa sadiif lafa onaa Eetaam+ keessa imalanii Maaraa+ keessa buufatan.
9 Sana booda Maaraa keessaa baʼanii gara Eeliim dhaqan. Yeroo sanatti Eeliim keessa burqaawwan bishaanii 12 fi mukeetiin meexxii 70ni jiru turan; isaanis achi buufatan.+ 10 Achiis Eeliim keessaa baʼanii Galaana Diimaa bira buufatan. 11 Sana booda Galaana Diimaa biraa baʼanii lafa onaa Siin keessa buufatan.+ 12 Achiis lafa onaa Siin keessaa baʼanii Dofqaa keessa buufatan. 13 Boodas Dofqaa keessaa baʼanii Aluush keessa buufatan. 14 Achiis Aluush keessaa baʼanii Refiidim+ ishii bakka sabichi bishaan dhugu itti dhabe sana keessa buufatan. 15 Sana booda Refiidim keessaa baʼanii lafa onaa Siinaa keessa buufatan.+
16 Lafa onaa Siinaa keessaa baʼaniis Qibroot Hataawaa+ keessa buufatan. 17 Achiis Qibroot Hataawaa keessaa baʼanii Hazeroot+ keessa buufatan. 18 Sana booda Hazeroot keessaa baʼanii Ritmaa keessa buufatan. 19 Itti aansuudhaan Ritmaa keessaa baʼanii Remoon Phereez keessa buufatan. 20 Achiis Remoon Phereez keessaa baʼanii Libnaa keessa buufatan. 21 Libnaa keessaa baʼaniis Risaa keessa buufatan. 22 Itti aansuudhaan Risaa keessaa baʼanii Qehelaataa keessa buufatan. 23 Achiis Qehelaataa keessaa baʼanii Gaara Shaafar bira buufatan.
24 Sana booda Gaara Shaafar biraa kaʼanii Haraadaa keessa buufatan. 25 Achiis Haraadaa keessaa baʼanii Maaqheloot keessa buufatan. 26 Itti aansuudhaan Maaqheloot keessaa baʼanii+ Taahaat keessa buufatan. 27 Sana booda Taahaat keessaa baʼanii Taaraa keessa buufatan. 28 Achiis Taaraa keessaa baʼanii Mitqaa keessa buufatan. 29 Boodas Mitqaa keessaa baʼanii Hashmoonaa keessa buufatan. 30 Itti aansuudhaan Hashmoonaa keessaa baʼanii Moseroot keessa buufatan. 31 Achiis Moseroot keessaa baʼanii Benee Yaʼaaqaan+ keessa buufatan. 32 Benee Yaʼaaqaan keessaa baʼaniis Hoor Hagidgaad keessa buufatan. 33 Achiis Hoor Hagidgaad keessaa baʼanii Yotbaataa+ keessa buufatan. 34 Boodas Yotbaataa keessaa baʼanii Abroonaa keessa buufatan. 35 Achiis Abroonaa keessaa baʼanii Eexiyoon Geber+ keessa buufatan. 36 Sana booda Eexiyoon Geber keessaa baʼanii lafa onaa Ziin+ keessa, jechuunis Qaadesh keessa buufatan.
37 Boodas Qaadesh keessaa baʼanii Gaara Hoor+ isa daangaa biyya Edoom irratti argamu bira buufatan. 38 Achiis Israaʼelonni biyya Gibxii keessaa baʼanii waggaa 40ffaa isaatti, waggicha keessaa jiʼa shanaffaatti, jiʼicha keessaa immoo guyyaa jalqabaatti Aaron lubichi ajaja Yihowaatiin Gaara Hooritti ol baʼee achitti ni duʼe.+ 39 Aaron yommuu Gaara Hoor irratti duʼetti umuriin isaa waggaa 123 ture.
40 Yeroo kanatti mootiin Aaraad+ Kanaʼaanichi inni Negeeb ishii biyya Kanaʼaanitti argamtu keessa jiraachaa ture Israaʼelonni dhufaa akka jiran ni dhagaʼe.
41 Boodas Gaara Hoor+ irraa kaʼanii Zaalmonaa keessa buufatan. 42 Sana booda Zaalmonaa keessaa baʼanii Phuunon keessa buufatan. 43 Phuunon keessaa baʼaniis Oboot+ keessa buufatan. 44 Achiis Oboot keessaa baʼanii Iyee Abaarim ishii daangaa Moʼaab+ irratti argamtu keessa buufatan. 45 Boodas Iiyim keessaa baʼanii Diboon Gaad+ keessa buufatan. 46 Sana booda Diboon Gaad keessaa baʼanii Almoon Diblaataayim keessa buufatan. 47 Achiis Almoon Diblaataayim keessaa baʼanii gaarota Abaariim+ keessa Neboo+ fuuldura buufatan. 48 Dhuma irrattis gaarota Abaariim keessaa baʼanii gammoojjii Moʼaab isa Yerikoo gamatti, Yordaanos biratti argamu keessa buufatan.+ 49 Achiis Beet Yeshiimoot irraa jalqabee hamma Abeel Shitiimitti+ gammoojjii Moʼaab keessa Yordaanos qarqara buufatan.
50 Yihowaanis gammoojjii Moʼaab isa Yerikoo gamatti, Yordaanos biratti argamutti Museedhaan akkana jedhe: 51 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Yordaanosiin ceetanii biyya Kanaʼaanitti ni galtu.+ 52 Jiraattota biyyattii hundumaa of duraa ariʼaa; dhagoota isaanii warra bocaman+ hundumaa fi siidaawwan sibiilaa*+ isaanii hundumaa balleessaa; iddoowwan waaqeffannaa isaanii warra ol kaʼoo hundumaas barbadeessaa.+ 53 Ani dhugumaan biyyattii dhaala godhee waanan isiniif kennuuf, isin biyyattii dhaalaan ni fudhattu; ishii keessas ni jiraattu.+ 54 Maatiiwwan keessaniif lafattii dhaala godhaatii carraadhaan+ hiraa. Gareewwan guguddaa taʼaniif dhaala hedduu, gareewwan xixinnoo taʼaniif immoo dhaala xinnoo kennaa.+ Namni hundi bakka carraan isaa irra buʼe ni dhaala. Isinis akka gosoota abbootii keessaniitti lafa keessan dhaala gootanii ni fudhattu.+
55 “‘Jiraattota biyyattii of duraa hin ariitan+ taanaan garuu, warri akka jiraatan heyyamtaniif sun ija keessanitti akka huubaa, cinaacha keessanittis akka qoree ni taʼu; biyya keessa jiraattan keessattis isin ni dhiphisu.+ 56 Anis wantan isaan irratti raawwachuuf yaade isin irratti nan raawwadha.’”+
34 Yihowaan ammas itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Israaʼelotaaf qajeelfama kana kenni: ‘Yommuu gara biyya Kanaʼaanitti seentan,+ biyyi Kanaʼaan inni daangaawwan isaa wajjin akka dhaalaatti isiniif kennamu kana dha.+
3 “‘Daangaan keessan inni gara kibbaa qarqara Edoom qabatee lafa onaa Ziin irraa jalqabee kan jiru taʼa; daangaan keessan inni gara kibbaa karaa bahaatiin qarqara Galaana Soogiddaa* irraa jalqabee kan jiru taʼa.+ 4 Daangaan keessan karaa kibba tabba Aqraabiim+ darbuuf kallattii isaa jijjiiree hamma Ziinitti itti fufa; dhumni isaas Qaadesh Barneʼaa+ irraa gara kibbaa ni taʼa. Achiis gara Hazaar Adaaritti+ qajeelee hamma Azmoonitti itti fufa. 5 Daangaan sun Azmoonitti kallattii isaa jijjiiree gara Laga Gogaa* Gibxiitti qajeela; dhumni isaas Galaanicha* bira ni taʼa.+
6 “‘Daangaan keessan inni gara dhihaa Galaana Guddaa* fi qarqara isaa ni taʼa. Kun daangaa keessan isa gara dhihaa ni taʼa.+
7 “‘Daangaan keessan inni gara kaabaa kana dha: Isin Galaana Guddaa irraa jalqabee hamma Gaara Hooritti+ daangaa keessan ni kaaʼattu. 8 Gaara Hoor irraa jalqabee hamma Lebo Hamaatittis*+ daangaa ni kaaʼattu; dhumni daangaa sanaas Zedaad+ taʼa. 9 Daangaan sun hamma Zifroonitti itti fufa; dhumni isaas Hazaar Enaan+ taʼa. Kun daangaa keessan isa gara kaabaa ni taʼa.
10 “‘Achiis gara bahaatiin Hazaar Enaan irraa jalqabee hamma Shefaamitti daangaa keessan kaaʼadhaa. 11 Daangaan sun Shefaam irraa jalqabee hamma Riblaatti, achiis hamma baha Aayinitti ni dheerata; gad buʼees karaa bahaatiin irraangadee Galaana Kinereet* ni qaxxaamura.+ 12 Daangaan sun hamma Yordaanositti ni dheerata; dhumni isaas Galaana Soogiddaa taʼa. Biyyi keessanii fi daangaawwan isatti marsanii jiran kana dha.’”
13 Kanaafuu, Museen akkana jedhee Israaʼelotaaf qajeelfama kenne: “Akkuma Yihowaan gosoota salganii fi walakkaa gosaatiif akka kennamu ajajetti, lafti isin carraadhaan dhaala keessan gootanii hirattan kana dha. 14 Gosti Ruubenotaa akka mana abbootii isaaniitti, gosti Gaadotaa akka mana abbootii isaaniittii fi walakkaan gosa Minaasee dhaala isaanii dursanii fudhataniiru. 15 Gosoonni lamaanii fi walakkaan gosaa sun baha naannoo Yordaanositti Yerikoo bira, gara baha biiftuutiin dhaala isaanii fudhataniiru.”
16 Yihowaan ammas Museedhaan akkana jedhe: 17 “Namoonni biyyattii akka dhaaltan isiniif hiran Eleʼazaar lubichaa fi Iyyaasuu ilma Nuuni. 18 Akkasumas lafattii dhaalaan akka isiniif hiraniif tokkoon tokkoon gosaa keessaa ajajaa tokko tokko ni fudhattu. 19 Maqaan namoota kanaa kana dha: gosa Yihudaa keessaa Kaaleb ilma Yofunee, 20 gosa ilmaan Simiʼoon keessaa Shemuʼel ilma Amihuud, 21 gosa Biiniyaam keessaa Elidaad ilma Kisloon, 22 gosa ilmaan Daan keessaa Buqqii ilma Yooglii isa ajajaa taʼe, 23 ilmaan Yoseef keessaa, gosa ilmaan Minaasee keessaa Haniʼeel ilma Efood isa ajajaa taʼe, 24 gosa ilmaan Efreem keessaa Qemuʼel ilma Shiftaan isa ajajaa taʼe, 25 gosa ilmaan Zaabiloon keessaa Elizaafaan ilma Paarnaak isa ajajaa taʼe, 26 gosa ilmaan Yisaakor keessaa Paaltiʼel ilma Azaan isa ajajaa taʼe, 27 gosa ilmaan Asheer keessaa Ahihud ilma Shelomii isa ajajaa taʼe, 28 gosa ilmaan Niftaalem keessaa immoo Pedaahel ilma Amihuud isa ajajaa taʼe.” 29 Namoonni biyya Kanaʼaan keessatti Israaʼelotaaf biyyattii akka hihiran Yihowaan ajaje kanneen kana turan.
35 Yihowaan itti fufuudhaan gammoojjii Moʼaab isa Yerikoo gamatti, Yordaanos+ biratti argamu keessatti Museedhaan akkana jedhe: 2 “Israaʼelonni dhaala argatan keessaa magaalota Leewwonni keessa jiraatan,+ akkasumas iddoowwan dheedichaa magaalota sanatti marsanii jiran Leewwotaaf akka kennan isaan ajaji.+ 3 Isaanis magaalota sana keessa ni jiraatu; bakki dheedichaa sunis loon isaaniitiif, qabeenya isaaniitiif, akkasumas horiiwwan isaanii kaan hundaaf ni taʼa. 4 Bakki dheedichaa magaalota sanaa warri Leewwotaaf kennitan, dallaa magaalattiitti marsee jiru irraa kallattii hundumaatiin dhundhuma* 1,000 kan dheeratu ni taʼa. 5 Isinis magaalattii gidduutti hambistanii magaalattiidhaa alatti gara bahaatiin dhundhuma 2,000, gara kibbaatiin dhundhuma 2,000, gara dhihaatiin dhundhuma 2,000, gara kaabaatiinis dhundhuma 2,000 ni safartu. Bakki dheedichaa magaalota isaanii kanneen kana ni taʼu.
6 “Magaalota itti baqatan warra namni nama ajjeese akka itti baqatuuf+ kennitan 6+ fi magaalota kan biroo 42 Leewwotaaf ni kennitu. 7 Isin walumaa galatti magaalota 48 fi iddoowwan dheedichaa isaanii Leewwotaaf ni kennitu.+ 8 Magaalota kana dhaala Israaʼelotaa irraa fuutanii isaaniif kennitu.+ Garee isa guddaa irraa hedduu, garee isa xinnoo irraa immoo xinnoo fuutu.+ Gareen hundi dhaala fudhatee wajjin haala wal gituun magaalota isaa irraa muraasa Leewwotaaf ni kenna.”
9 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 10 “Akkana jedhii Israaʼelotatti dubbadhu: ‘Isin Yordaanosiin ceetanii gara biyya Kanaʼaanitti seenuuf jettu.+ 11 Bakka namni utuu itti hin yaadin nama ajjeese* itti baqatu akka taʼanitti, magaalota itti baqatan taʼanii akka tajaajilaniif magaalota isiniif mijatan filadhaa.+ 12 Magaalonni kun namni nama ajjeese yaaʼicha duratti murtiidhaaf dhihaachuu isaa dura akka hin duunetti,+ magaalota nama haaloo baʼu jalaa itti baqattan isiniif ni taʼu.+ 13 Magaalonni itti baqatan warri isin qopheessitan jaʼan faayidaa kanaaf oolu. 14 Magaalota itti baqatan akka taʼaniif, Yordaanos gamanaan magaalota sadii,+ biyya Kanaʼaan keessattis magaalota sadii+ ni qopheessitu. 15 Magaalonni jaʼan kun Israaʼelotaaf, nama biyya ormaatiif,+ akkasumas qubataa isaan gidduu jiraatuuf, magaalota namni utuu itti hin yaadin nama ajjeese* kam iyyuu baqatee kooluu itti galu ni taʼu.+
16 “‘Haa taʼu malee, namni sun miʼa sibiilaatiin nama tokko yoo rukutee fi namichi yoo duʼe, namni sun nama lubbuu balleesse dha. Namni lubbuu balleesse sun mamii tokko malee ajjeefamuu qaba.+ 17 Inni dhagaa isa ajjeesuu dandaʼuun yoo isa rukutee fi namichi yoo duʼe, namni sun nama lubbuu balleesse dha. Namni lubbuu balleesse sun mamii tokko malee ajjeefamuu qaba. 18 Namichi meeshaa mukaa isa ajjeesuu dandaʼuun yoo isa rukutee fi namni sunis yoo duʼe, namichi nama lubbuu balleesse dha. Namni lubbuu balleesse sun mamii tokko malee ajjeefamuu qaba.
19 “‘Nama lubbuu balleesse sana kan ajjeesu nama haaloo baʼu dha. Inni yommuu isa argatutti ofuma isaatiin isa ajjeesa. 20 Namni sun isa jibbee isa darbachuu isaatiin yookiin hamminaan kakaʼee* wanta tokko isatti darbachuu isaatiin yoo duʼe+ 21 yookiin isa jibbee harka isaatiin isa rukutuu isaatiin kan kaʼe namichi yoo duʼe, namni isa rukute sun mamii tokko malee ni ajjeefama. Inni nama lubbuu balleesse dha. Namni haaloo baʼu yommuu isa argatutti, nama lubbuu balleesse sana ni ajjeesa.
22 “‘Haa taʼu malee, kan isa darbate utuu itti hin yaadin yoo taʼee fi isa jibbee miti taanaan yookiin wanta tokko kan isatti darbate hamminaan kakaʼee* miti taanaan+ 23 yookiin utuu isa hin argin dhagaa yoo isa irra buusee fi namichi yoo duʼe, taʼus kana kan godhe diina isaa taʼee yookiin isa miidhuu barbaadee miti taanaan, 24 yaaʼichi murtoowwan kanaa wajjin haala wal simuun namicha isa rukutee fi namicha haaloo baʼu sana gidduutti murtii haa kennu.+ 25 Yaaʼichi nama lubbuu balleesse sana harka nama haaloo baʼu sanaa irraa oolchee, gara magaalaa itti baqatan isa namichi itti baqatee ture sanatti isa haa deebisu; namichis hamma lubni ol aanaan inni zayitii qulqulluudhaan dibame+ sun duʼutti achi keessa jiraachuu qaba.
26 “‘Haa taʼu malee, namni lubbuu balleesse sun daangaa magaalaa itti baqatamuu isa itti baqate sana keessaa yoo baʼe, 27 namni haaloo baʼu sunis namicha lubbuu balleesse sana daangaa magaalaa itti baqate sanaa alatti argatee yoo isa ajjeese, namni kun dhiiga isaatiif itti hin gaafatamu. 28 Sababiin isaas, inni hamma lubni ol aanaan duʼutti magaalaa itti baqatamu keessa jiraachuu qaba. Lubni ol aanaan sun erga duʼee booda garuu, namichi lubbuu balleesse sun gara lafa isaatti deebiʼuu ni dandaʼa.+ 29 Iddoowwan jireenyaa keessan hundumaa keessatti guutummaa dhaloota keessaniitiif kun dambii yeroo murtii kennitan hordoftan taʼee ni tajaajila.
30 “‘Namni nama* ajjeese kam iyyuu ragoonni yoo isa irratti ragaa baʼan+ nama lubbuu balleesse waan taʼeef haa ajjeefamu;+ haa taʼu malee, eenyu iyyuu ragaa namni tokko qofti isa irratti baʼuun ajjeefamuu hin qabu. 31 Namni lubbuu balleesse mamii tokko malee ajjeefamuu waan qabuuf, lubbuu nama duʼuu qabu kanaatiif furii hin fudhatinaa.+ 32 Namni magaalaa itti baqatamutti baqate tokko lubni ol aanaan duʼuu isaa dura deebiʼee lafa isaa irra akka jiraatu gochuuf furii hin fudhatinaa.
33 “‘Dhiigni lafattii waan xureessuuf, lafa irra jiraattan hin xureessinaa;+ dhiiga nama dhiiga sana dhangalaase sanaatiin yoo taʼe malee, dhiiga lafa irratti dhangalaʼeef wanti araara argamsiisu hin jiru.+ 34 Ani Yihowaan saba Israaʼel gidduu waanan jiraadhuuf, biyya keessa jiraattan isa ani irra jiraadhu hin xureessinaa.’”+
36 Dura buutonni maatii sanyii Giiliyaad ilma Maakiir+ ilma Minaasee, warri maatiiwwan ilmaan Yoseef keessaa taʼan dhufanii Musee fi ajajjoota warra dura buutota maatii Israaʼelotaa taʼanitti ni dubbatan. 2 Akkana jedhan: “Yihowaan biyyattii carraadhaan akka dhaalaatti Israaʼelotaaf akka hiru gooftaa keenya ajajeera;+ dhaala obboleessa keenya Zelofehaad ijoollee durbaa isaatiif akka kennus Yihowaan gooftaa keenya ajajeera.+ 3 Isaan namoota gosa Israaʼel kan biraa keessa jiranitti yoo heeruman, dhaalli dubartoota kanaa dhaala abbootii keenyaa irraa fudhatamee dhaala gosa namoota isaan itti heeruman sanaatti ni dabalama; akka kanaan dhaalli sun dhaala keenya isa carraadhaan nuuf kenname irraa ni fudhatama. 4 Saba Israaʼeliif Iyyobeeliyyuun+ yommuu taʼutti, dhaalli dubartoota kanaa dhaala gosa namoota isaan itti heerumaniitti ni dabalama; akka kanaan dhaalli isaanii dhaala gosa abbootii keenyaa irraa ni fudhatama.”
5 Achiis Museen qajeelfama Yihowaatiin akkana jedhee Israaʼelota ajaje: “Wanti gosti ilmaan Yoseef jedhan sirrii dha. 6 Ijoollee durbaa Zelofehaad ilaalchisee wanti Yihowaan ajaje kana dha: ‘Isaan nama barbaadanitti heerumuu ni dandaʼu. Haa taʼu malee, isaan namoota maatii gosa abbaa isaanii keessaa taʼanitti heerumuu qabu. 7 Israaʼelonni dhaala gosa abbootii isaanii cimsanii qabachuu waan qabaniif, dhaala Israaʼelotaa keessaa kam iyyuu gosa tokko irraa gara gosa isa kaaniitti darbuu hin qabu. 8 Israaʼelonni dhaala abbootii isaanii qabatanii akka hafaniif, intalli gosoota Israaʼel keessatti dhaala argatte kam iyyuu sanyii gosa abbaa ishii taʼetti haa heerumtu.+ 9 Gosoonni Israaʼel dhaala ofii isaanii cimsanii qabachuu waan qabaniif, dhaalli kam iyyuu gosa tokko irraa gara gosa isa kaanitti darbuu hin qabu.’”
10 Ijoolleen durbaa Zelofehaadis akkuma Yihowaan Musee ajaje ni godhan.+ 11 Kanaafuu, Maahlaan, Tirzaan, Hoglaan, Miilkaanii fi Noh warri ijoollee durbaa Zelofehaad+ taʼan ilmaan obboloota abbaa isaaniitti ni heeruman. 12 Dhaalli isaanii gosa maatii abbaa isaanii keessatti akka hafuuf, isaan namoota maatiiwwan Minaasee isa ilma Yoseef taʼe sanaa keessaa taʼanitti ni heeruman.
13 Ajajawwanii fi heerawwan Yihowaan gammoojjii Moʼaab isa Yerikoo gamatti, Yordaanos biratti argamu keessatti karaa Musee Israaʼelotaaf kenne kanneen kana dha.+
Kal., “ilmaan Israaʼel.”
Kal., “akka raayyaa waraanaa.”
Kal., “ormi,” jechuunis, namni gosa Leewwii hin taane.
Kal., “akka raayyaa waraanaa isaanii.”
Ykn., “akka faajjii isaaniitti.”
Ykn., “eeguuf; tajaajila isaanii achitti raawwachuuf.”
Ykn., “mallattoo.”
Kal., “akka raayyaa waraanaa.”
Kal., “akka raayyaa waraanaa.”
Kal., “akka raayyaa waraanaa.”
Kal., “akka raayyaa waraanaa.”
Kal., “dhaloonni.”
Kal., “harki isaanii guutamee.”
Kal., “ormi,” jechuunis, namni maatii Aaron keessaa hin taane.
Kal., “angafa gadameessa saaqu hundumaa.”
Kal., “ormi,” jechuunis, namni gosa Leewwii hin taane.
Ykn., “akka sheeqilii qulqulluu.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Geeraan tokko 0.57 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “afaan.”
Jechi Afaan Ibrootaa tahaash jedhu tarii bineensa bishaan keessa jiraatuu fi Ingiliffaan siil jedhamu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Bineensi kun guddinni isaa hamma doolfinii gaʼa.
Ykn., “daaraa coome,” jechuunis, daaraa cooma aarsaatiin jiidhe.
Kal., “baʼaan.”
Ykn., “lubbuudhaan.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “Isaan cubbuu hojjetan sana haa himatan.”
Eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki tokko 2.2 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kun qaamawwan hormaataa kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “qalʼachuu.” Kun dandeettii daʼumsaa dhabuu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Kun qaamawwan hormaataa kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “qalʼatu.” Kun dandeettii daʼumsaa dhabuu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “Haa taʼu! Haa taʼu!”
Kun qaamawwan hormaataa kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “qalʼata.” Kun dandeettii daʼumsaa dhabuu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Afaan Ibrootaatiin naazir yeroo taʼu, “Kophaatti kan Baafame; Kan Murteeffame; Adda kan Baafame” jechuu dha.
Ykn., “lubbuutti.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “bakka reeffi jiru kam iyyuu hin dhaqin.”
Ykn., “mataa Naazrummaa isaa.”
Ykn., “makoodii; andarii.”
Ykn., “lubbuu.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Jechuunis, ilmoo.
Ykn., “mataa Naazrummaa.”
Ykn., “akka sheeqilii qulqulluu.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “saanii golboo xinnoo.”
Kal., “isaa.”
Kal., “ni sochoosa,” jechuunis, gara duubaa fi gara fuulduraa akka sochoʼan godha.
Kal., “ni sochoosta,” jechuunis, gara duubaa fi gara fuulduraa akka sochoʼan ni goota.
Kal., “ni sochoosta,” jechuunis, gara duubaa fi gara fuulduraa akka sochoʼan ni goota.
Ykn., “angafa gadameessa saaqu.”
Kal., “sochoose,” jechuunis, gara duubaa fi gara fuulduraa akka sochoʼan godhe.
Kal., “galgaloota lamaan gidduutti.”
Kal., “galgaloota lamaan gidduutti.”
Ykn., “lubbuu namaatiin.”
Ykn., “Lubbuu namaatiin kan kaʼe.”
Ykn., “lubbuudhaan.”
Kal., “galgaloota lamaan gidduutti.”
Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “haa ajjeefamu.”
Kal., “akka raayyaa waraanaa.”
Kal., “akka raayyaa waraanaa.”
Kal., “akka raayyaa waraanaa.”
Kal., “akka raayyaa waraanaa isaaniitti.”
Jechuunis, Yetroo.
Jechuunis, soddaa.
Ykn., “ija keenya taʼuu.”
“Kan Gubatu” jechuu dha; kunis, kan bobaʼu taʼuu isaa argisiisa.
Kun warra Israaʼelota hin taanee fi isaan gidduu jiraatan kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “dhiirri guddiftuu taʼe.”
Ykn., “taʼuun isaanii si biratti beekamu.”
Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.
Ykn., “raajii dubbachuu.”
Ykn., “aburdaallaa.” Simbira xinnoo furdoo taatee fi 18 cm dheerattu. Foon ishii kan nyaatamu.
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Homeeriin tokko 220 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
“Iddoowwan Awwaalchaa Dharraa.”
Ykn., “Museen nama lafa irra jiru kam iyyuu caalaa baayʼee kan gad of qabu ture.”
Kal., “Guutummaa mana kootii keessatti inni amanamaa taʼuu isaa argisiiseera.”
Kal., “afaanii afaanitti.”
Ykn., “Yehoshuwaa,” “Yihowaan Fayyisaa Dha” jechuu dha.
Kal., “gabbattuu.”
Kal., “huqqattuu.”
Ykn., “karra Hamaat.”
Ykn., “Laga Gogaa.”
Ykn., “Laga Gogaa.”
“Firii Wayinii Walitti Tuutaʼe” jechuu dha.
Kal., “sababiin isaas, isaan buddeena keenya dha.”
Kal., “akka nama tokkootti.”
Kal., “hafuura.”
Ykn., “dirree gad jedhaa.”
Kal., “harka koo kaasetti.”
Kal., “ejja.”
Ykn., “diina na godhachuu.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki tokko 2.2 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Hiiniin tokko 3.67 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Kal., “daakuu hin bulloofne.”
Kal., “daakuu hin bulloofne.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “Lubbuun.”
Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “haa ajjeefamu.”
Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “gooftaa nu irratti taʼuu.”
Kal., “ija namoota sanaa baasuu.”
Kal., “foon.”
Kal., “afaan ishii bantee.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “afaan ishii bantee.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuu isaanii irratti cubbuu hojjetan.”
Kal., “ormi.”
Kal., “ormi,” jechuunis, namni maatii Aaron keessaa hin taane.
Kal., “ormi,” jechuunis, namni maatii Aaron keessaa hin taane.
Jechuunis, wanta kan hin jijjiiramnee fi kan hin furamne taʼee Waaqayyoof adda baafamuudhaan Waaqayyoof qulqulleeffame kam iyyuu.
Kal., “foon hundumaa keessaa warri.”
Ykn., “akka sheeqilii qulqulluu.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Geeraan tokko 0.57 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Jechuunis, kakuu dhaabbataa taʼee fi hin jijjiiramne.
Ykn., “harka kudhan keessaa harka tokko.”
Kal., “foon.”
Kal., “foon.”
Ykn., “reeffa lubbuu namaa kam iyyuu.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “isaan.”
Ykn., “reeffa lubbuu nama duʼe kam iyyuu.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “haa ajjeefamu.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “haa ajjeefamu.”
Ykn., “lubbuun.”
“Wal Loluu” jechuu dha.
Kal., “guyyoota.”
Kal., “harka.”
Kun jechama duʼa argisiisuuf oolu dha.
Kal., “achitti walitti qabamee ni duʼa.”
“Badiisaaf Adda kan Baafame” jechuu dha.
Ykn., “lubbuun sabichaa.”
Ykn., “lubbuun keenya jibbiteetti.”
Ykn., “guban.”
Ykn., “gubu.”
Ykn., “Laga Gogaa.”
Ykn., “lageen gogaa.”
Kal., “afaan.”
Ykn., “lageen gogaa.”
Ykn., “faarfadhaa.”
Kal., “dirree.”
Ykn tarii, “gammoojjii sana; lafa onaa sana.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Efraaxisiin kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Kal., “ija.”
Kal., “ija.”
Kal., “afaan harree dhaltuu sanaa ni bane.”
Ykn., “Lubbuun koo duʼa nama qajeelaa haa duutu.”
Ykn., “hin gaabbu.”
Ykn tarii, “gammoojjii; lafa onaa.”
Kal., “ija Yihowaa duratti gaarii taʼuu isaa.”
Ykn., “lageen gogaa.”
Akaakuu mukaa foolii urgaaʼu qabuu fi bara duriitti akka urgooftuutti tajaajilu dha.
Kal., “garaa kootii.”
Ykn., “dhuma guyyootaatti.”
Ykn., “manneen qulqullummaa mataa Moʼaab.”
Ykn., “Pheʼoritti ni maxxane.”
Kal., “mataawwan.”
Kal., “aduu fuulduratti.”
Ykn., “maxxanan.”
Ykn., “qaama hormaataa.”
Kal., “afaan ishii bantee.”
Kun jechama duʼa argisiisuuf oolu dha.
Kal., “foon.”
Ykn., “ulfina.”
Ykn., “garaa ciibsuu; qabbaneessuu.” Kal., “boqochiisuu.”
Kal., “galgaloota lamaan gidduutti.”
Eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki tokko 2.2 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Hiiniin tokko 3.67 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “garaa ciibsuu; qabbaneessuu.” Kal., “boqochiisuu.”
Kal., “galgaloota lamaan gidduutti.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Kal., “jiʼoota keessaniitti.”
Ykn., “garaa ciibsuu; qabbaneessuu.” Kal., “boqochiisuu.”
Kal., “daabbootti.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “garaa ciibsuu; qabbaneessuu.” Kal., “boqochiisuu.”
Ykn., “lubbuu keessan cunqursaa.” “Of cunqursuun” walumaa galatti soomuu dabalatee karaawwan adda addaatiin wanta barbaadan gochuu irraa of qusachuu akka taʼetti hubatama.
Ykn., “garaa ciibsuu; qabbaneessuu.” Kal., “boqochiisuu.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “lubbuu isaa.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “lubbuu.”
Kun jechama duʼa argisiisuuf oolu dha.
Ykn., “buufatawwan dallaa dhagaa.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “cubbuu irraa qulqulleessaa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuuwwan namootaa.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Jechuunis, faaya miilaa.
Jechuunis, faaya harkaa.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “Laga Gogaa.”
Ykn., “deebisanii ni ijaaran.”
“Gandeen Dunkaanaa Yaaʼir” jechuu dha.
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Kal., “akka raayyaa waraanaa.”
Kal., “harka ol qabameen.”
Ykn., “siidaawwan baqfamanii tolfaman.”
Jechuunis, Galaana Duʼaa.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Jechuunis, Galaana Guddaa, Meditiraaniyaa.
Jechuunis, Meditiraaniyaa.
Ykn., “karra Hamaatittis.”
Jechuunis, haroo Genesaarex ykn Galaana Galiilaa.
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “lubbuu rukute.”
Ykn., “lubbuu rukute.”
Kal., “ciisee eeggachuudhaan.”
Kal., “ciisee eeggachuudhaan.”
Ykn., “lubbuu.”