LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt Keessa Deebii 1:1-34:12
  • Keessa Deebii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Keessa Deebii
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Keessa Deebii

KEESSA DEEBII

1 Dubbiin Museen lafa onaa naannoo Yordaanositti argamutti, jechuunis gammoojjii Suuf fuuldura, Phaaraan, Tofeel, Laabaan, Hazerootii fi Dizaahaab gidduutti argamu keessatti guutummaa Israaʼelitti dubbate kana dha. 2 Karaa Gaara Seʼiiriin Horeeb irraa jalqabee hamma Qaadesh Barneʼaatti+ adeemsa guyyaa 11 fudhata. 3 Waggaa 40ffaatti,+ waggicha keessaa jiʼa 11ffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa jalqabaatti, Museen akkuma Yihowaan akka isaanitti himu isa ajajetti wanta hundumaa Israaʼelotatti* ni hime. 4 Kunis kan taʼe, inni Sihoon+ mootii Amoorotaa isa Heshboon keessa jiraachaa turee fi Oog+ mootii Baashaan isa Ashtaarot keessa jiraachaa ture Edraayitti*+ erga injifatee booda ture. 5 Museen naannoo Yordaanos isa biyya Moʼaab keessatti argamu keessatti akkana jechuudhaan Seera kana ibsuu jalqabe:+

6 “Waaqni keenya Yihowaan Horeeb keessatti akkana nuun jedhe: ‘Isin naannoo gaarotaa kana keessa yeroo dheeraa jiraattaniittu.+ 7 Ammas deebiʼaatii gara naannoo gaarotaa Amoorotaatti,+ achiis gara olloota isaanii warra Arabaa,+ naannoo gaarotaa, Shefelaa, Negeeb, qarqara galaanichaa,+ biyya Kanaʼaanotaa fi Libaanon*+ keessatti argaman hundumaatti hamma laga isa guddaatti, jechuunis hamma laga Efraaxisitti+ qajeelaa. 8 Kunoo, ani biyyattii isin fuuldura kaaʼeera. Seenaatii biyyattii ishii Yihowaan abbootii keessan Abrahaam, Yisihaaqii+ fi Yaaqoobiif,+ akkasumas sanyii isaanii warra isaan booda dhufaniif kennuuf kakate dhaalaan fudhadhaa.’+

9 “Anis yeroo sanatti akkana isiniin jedheen ture: ‘Ani kophaa koo isin baachuu hin dandaʼu.+ 10 Waaqni keessan Yihowaan isin baayʼiseera; isinis kunoo harʼa akka urjiilee samii baayʼee hedduu taataniittu.+ 11 Waaqa abbootii keessanii kan taʼe Yihowaan ammas siʼa kuma isin haa baayʼisu;+ akkuma waadaa isiniif galettis isin haa eebbisu.+ 12 Ani kophaa koo baʼaa keessanii fi feʼumsa keessan, akkasumas lola keessan akkamittan baachuu dandaʼa?+ 13 Gosoota keessan keessaa namoota ogeeyyii fi hubatoo taʼan, akkasumas namoota muuxannoo qaban filadhaa; anis dura buutota godhee isin irratti isaan nan muuda.’+ 14 Isinis, ‘Wanti akka goonu nutti himte gaarii dha’ jettanii naaf deebistan. 15 Anis dura buutota gosoota keessanii warra ogeeyyii taʼanii fi muuxannoo qaban fuudhee ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaa, ajajjoota kudhanii fi geggeessitoota gosoota keessanii godhee isin irratti isaan nan muude.+

16 “Yeroo sanatti abbootii murtii keessaniif qajeelfama akkana jedhu nan kenne: ‘Isin dhimma obboloota keessan gidduutti kaʼe tokko yommuu dhageessan, nama tokkoo fi obboleessa isaa yookiin isaa fi nama biyya ormaa gidduutti+ qajeelummaadhaan murtii kennaa.+ 17 Murtii kennuu irratti hin looginaa.+ Akkuma isa guddaa dhageessanitti isa xinnaas dhagaʼaa.+ Murtiin kan Waaqayyoo waan taʼeef,+ nama hin sodaatinaa;+ dhimmi tokko humna keessanii ol yoo taʼe, anatti dhiheessaa; anis dhimmicha nan dhagaʼa.’+ 18 Ani yeroo sanatti wanta gochuu qabdan hundumaa ilaalchisee qajeelfama isiniif nan kenne.

19 “Achiis akkuma Waaqni keenya Yihowaan nu ajajetti Horeeb keessaa baanee, lafa onaa guddaa fi sodaachisaa taʼe+ isa karaa gara naannoo gaarotaa Amoorotaatti+ geessu sana keessatti argitan hundumaa keessa darbinee dhuma irratti gara Qaadesh Barneʼaa+ dhufne. 20 Anis akkanan isiniin jedhe: ‘Isin gara naannoo gaarotaa Amoorotaa isa Waaqni keenya Yihowaan nuuf kennutti dhuftaniittu. 21 Kunoo, Waaqni keessan Yihowaan biyyattii isiniif kenneera. Ol baʼaatii akkuma Waaqni abbootii keessanii Yihowaan isiniin jedhetti lafattii dhaalaan fudhadhaa.+ Hin sodaatinaa yookiin hin romʼinaa.’

22 “Haa taʼu malee, hundi keessan gara koo dhuftanii, ‘Biyyattii akka nuuf ilaalaniif, akkasumas karaa isa kam irra deemuu akka qabnuu fi magaalonni akkamii nu fuuldura akka jiran akka nutti himaniif, namoota of dura haa erginu’ naan jettan.+ 23 Yaanni keessan gaarii waan natti fakkaateef, tokkoon tokkoon gosaa keessaa nama tokko godhee namoota keessan 12 nan filadhe.+ 24 Isaanis kaʼanii gara naannoo gaarotaatti ol baʼanii+ hamma Sulula* Eshkoolitti qajeeluudhaan biyyattii ni basaasan. 25 Firii biyyattii keessaas muraasa fuudhanii gara keenyatti deebiʼan; achiis, ‘Biyyi Waaqni keenya Yihowaan nuuf kennu gaarii dha’ jedhanii nutti himan.+ 26 Isin garuu achitti ol baʼuu diddanii ajaja Waaqa keessan Yihowaa irratti ni finciltan.+ 27 Dunkaanota keessan keessattis akkana jettanii gungumuu keessan itti fuftan: ‘Yihowaan Amooronni haxaaʼanii akka nu balleessaniif harka isaaniitti dabarsee nu kennuuf biyya Gibxii keessaa kan nu baase waan nu jibbeefi. 28 Gara iddoo akkamii dhaqaa jirra? Obboloonni keenya, “Isaan namoota nu caalaa guguddoo fi dhedheeroo taʼani dha; magaalonni isaaniis guguddoo fi dallaawwan dhagaa samii bira gaʼan kan qabani dha;+ ilmaan Anaaqiimiinis+ achitti argineerra” jedhanii nu sossodaachisan.’*+

29 “Kanaafuu, ani akkanan isiniin jedhe: ‘Isaaniin kan kaʼe hin romʼinaa yookiin hin sodaatinaa.+ 30 Waaqni keessan Yihowaan akkuma biyya Gibxii keessatti ija keessan duratti godhe,+ isin dura ni deema; isiniifis ni lola.+ 31 Hamma bakka kana geessanittis bakka deemtan hundumaatti Waaqni keessan Yihowaan akkuma namni tokko ilma isaa baatutti lafa onaa keessatti akkamitti akka isin baate argitaniittu.’ 32 Isin garuu, kana hundumaa booda illee, Waaqa keessan Yihowaa+ 33 isa akka basaastuutti bakka buufattan sana isiniif ilaaluuf daandicha irratti isin dura deemaa ture hin amanne. Daandii irra adeemuu qabdan isinitti argisiisuuf halkan ibiddaan, guyyaa immoo duumessaan isinitti ni mulʼate.+

34 “Yeroo kana hundumaatti Yihowaan wanta isin jechaa turtan dhagaʼeera; isinittis aaree akkana jedhee cimsee kakate:+ 35 ‘Dhaloota hamaa kana keessaa namni tokko illee biyyattii gaarii ishii ani abbootii keessaniif kennuuf kakadhe sana hin argu;+ 36 ishii kan argu Kaaleb ilma Yofunee qofa dha. Inni garaa guutuudhaan* Yihowaa duukaa waan buʼeef ishii ni arga; anis biyya inni irra deeme sana isaa fi ilmaan isaatiif nan kenna.+ 37 (Yihowaan sababa keessaniin anatti iyyuu aaree akkana naan jedhe: “Atis achitti hin galtu.+ 38 Iyyaasuu ilma Nuun isa si fuuldura dhaabbatu+ sanatu gara biyyattiitti gala.+ Israaʼel biyyattii akka dhaalu kan godhu isa waan taʼeef, isa jabeessi.”*+) 39 Kana malees, ijoolleen keessan warri isin akka saamaman dubbattanii+ fi ilmaan keessan warri harʼa gaarii fi hamaa hin beekne ishiitti ni galu; anis akka dhaalaniif biyyattii isaaniif nan kenna.+ 40 Isin garuu, duubatti deebiʼaatii karaa Galaana Diimaatiin gara lafa onaa sanaa dhaqaa.’+

41 “Yeroo kanatti isin, ‘Nuti Yihowaa irratti cubbuu hojjenneerra. Ammas akkuma Waaqni keenya Yihowaan nu ajajetti ol baanee ni lolla!’ naan jettan. Kanaafuu, tokkoon tokkoon keessan meeshaawwan waraanaa keessan ni hidhattan; gara gaarichaatti ol baʼuun akka waan salphaa taʼetti ni ilaaltan.+ 42 Yihowaan garuu, ‘“Ani isinii wajjin waan hin taaneef, ol baatanii hin lolinaa.+ Yoo akkana gootan diinonni keessan isin moʼu” jedhii isaanitti himi’ naan jedhe. 43 Anis kana isinitti nan hime; isin garuu hin dhageenye. Kanaa mannaa, ajaja Yihowaa irratti finciltanii of tuulummaadhaan gara gaarichaatti ol baʼuuf ni yaaltan. 44 Achiis Amooronni warri gaara sana irra jiraachaa turan isin waraanuuf baʼan; akkuma kanniisaattis isin ariʼan; hamma Hoormaatti isin ariʼuudhaanis Seeʼir keessatti isin bittinneessan. 45 Kanaan kan kaʼes, isin deebitanii Yihowaa duratti booʼuu jalqabdan; Yihowaan garuu isin hin dhageenye yookiin xiyyeeffannaa isiniif hin kennine. 46 Yeroo dheeraa hammanaatiif Qaadesh keessa kan jiraattanis kanaafi.

2 “Achiis akkuma Yihowaan naan jedhetti duubatti deebinee karaa Galaana Diimaatiin gara lafa onaa sanaa ni dhaqne;+ guyyoota hedduudhaafis naannoo Gaara Seʼiir keessa ni deemne. 2 Dhuma irrattis Yihowaan akkana naan jedhe: 3 ‘Isin yeroo dheeraadhaaf naannoo gaara kanaa keessa deemtaniittu. Amma gara kaabaatti deebiʼaa. 4 Sabichas akkana jedhii ajaji: “Isin karaa daangaa sanyii Esaawu warra obboloota keessan taʼanii+ fi Seʼiir keessa jiraachaa jiran+ sanaatiin ni darbitu; isaan isin ni sodaatu;+ isinis of eeggannoo guddaa godhaa. 5 Ani lafa isaanii irraa iddoo hamma faana miilaa geessu illee isiniif waan hin kennineef, isaanii wajjin diinummaa hin uuminaa;* sababiin isaas, ani Gaara Seʼiir Esaawuf dhaalaan kenneera.+ 6 Nyaata nyaattaniifis taʼe bishaan dhugdaniif maallaqa isaaniif kaffalaa.+ 7 Sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan wanta goote hundumaa irratti si eebbiseera. Inni lafa onaa guddaa kana keessa darbuu kee akka gaariitti beeka. Waggoota 40 kanatti Waaqni kee Yihowaan sii wajjin ture; wanti sitti hirʼates hin jiru.”’+ 8 Kanaafuu, nuti daandii Arabaa, Eelaatii fi Eexiyoon Geber irraa fagaannee,+ sanyii Esaawu warra obboloota keenya taʼanii fi Seʼiir keessa jiraachaa jiran sana bira ni darbine.+

“Sana booda deebinee karaa lafa onaa Moʼaab irra deemne.+ 9 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: ‘Ani lafa isaa keessaa waan tokko illee dhaalaan waanan siif hin kennineef, Moʼaabii wajjin diinummaa hin uumin yookiin isa hin lolin; sababiin isaas, ani biyya Aar sanyii Looxiif dhaalaan kenneera.+ 10 (Eemiim+ warri saba guddaa, saba hedduu fi akka Anaaqiim dhedheeroo taʼan dur achi jiraatu turan. 11 Refaayimis+ akka Anaaqiimitti+ ilaalamu turan; Moʼaabonnis Eemiim jedhanii isaan waamu turan. 12 Hooronni+ dur Seʼiir keessa jiraatu turan; haa taʼu malee, akkuma Israaʼel lafa isaanii isa dhaala isaanii taʼee fi Yihowaan dhugumaan isaaniif kennu irratti godhu, sanyiiwwan Esaawu biyya isaanii irraa ariʼanii haxaaʼanii isaan balleessuudhaan iddoo isaanii irra buufataniiru.)+ 13 Ammas kaʼaatii Sulula* Zereed ceʼaa.’ Nutis Sulula* Zereed+ ni ceene. 14 Qaadesh Barneʼaa irraa kaanee hamma Sulula* Zereed ceenutti waggaa 38 nutti fudhate; yeroo kanatti akkuma Yihowaan isaanitti kakatee turetti, guutummaan dhaloota dhiirota waraanaaf leenjiʼan sanaa buufaticha keessaa ni dhume.+ 15 Isaan hamma dhumanitti harki Yihowaa buufaticha keessaa haxaaʼee isaan balleessuuf isaan irratti kaʼee ture.+

16 “Dhiironni waraanaaf leenjiʼan hundi akkuma sabicha gidduudhaa duʼanii dhumaniin,+ 17 Yihowaan ammas akkana naan jedhe: 18 ‘Harʼa karaa naannoo Moʼaab, jechuunis karaa Aar irra ni darbita. 19 Lafa isan Amoonotaaf dhaalaan kenne irraa isa tokko illee waanan siif hin kennineef, yommuu Amoonotatti dhihaattu isaan hin dhiphisin yookiin isaan hin aarsin; sababiin isaas, biyyattii sanyii Looxiif dhaalaan kenneera.+ 20 Kunis biyya Refaayimotaa+ akka taʼetti ilaalama ture. (Refaayimonni dur achi jiraatu turan; Amoononnis Zaamzumiim jedhanii isaan waamu turan. 21 Isaan saba guddaa, saba hedduu fi akka Anaaqiimotaa dhedheeroo turan;+ taʼus, Yihowaan Amoonota duraa haxaaʼee isaan balleesse; Amoononnis isaan ariʼanii biyya isaanii keessa ni buufatan. 22 Hoorota isaan duraa haxaaʼee yeroo balleessetti+ wanti inni sanyii Esaawu warra Seʼiir+ keessa jiraachaa jiraniif godhe kanuma ture; kanaan kan kaʼes, isaan lafa isaanii irraa isaan ariʼanii hamma harʼaatti biyya isaanii keessa jiraachaa jiru. 23 Warri Awiim immoo Kaaftoriimonni warri Kaaftor*+ keessaa dhufan isaan balleessanii biyya isaanii keessa jiraachuu hamma jalqabanitti, gandeen Gaazaatti+ argaman keessa jiraatu turan.)

24 “‘Kaʼaatii Sulula* Arnoon+ ceʼaa. Kunoo, ani Sihoon+ Amooricha isa mootii Heshboon taʼe harka keessanitti dabarsee kenneera. Kanaafuu, lafa isaa dhaalaan fudhadhaa; waraanas isa irratti banaa. 25 Harʼa namoota samii jalatti argaman warra waaʼee kee dhagaʼan hundumaa irratti sodaa buusuu nan jalqaba. Isaan sababii keessaniin ni jeeqamu, ni romʼus.’*+

26 “Achiis lafa onaa Qedemoot+ keessaa gara Sihoon isa mootii Heshboon taʼetti dhaamsa nagaa akkana jedhu akka itti himaniif ergamtoota nan erge:+ 27 ‘Biyya kee keessa akkan darbu naaf heyyami. Ani daandichuma irran deema; isa irraa gara mirgaattis taʼe gara bitaatti hin goru.+ 28 Nyaata natti gurgurtu qofan nyaadha; bishaan natti gurgurtu qofan dhuga. Miilumaan akkan darbu qofa naaf heyyami; 29 sanyiin Esaawu warri Seʼiir keessa jiraachaa jiranii fi Moʼaabonni warri Aar keessa jiraachaa jiran gara biyya Waaqni keenya Yihowaan nuuf kennutti seenuuf hamman Yordaanosiin ceʼutti akkana naaf godhaniiru.’ 30 Sihoon mootiin Heshboon garuu akka darbinu nuuf hin heyyamne; sababiin isaas, akkuma amma taʼe harka keetti dabarsee isa kennuuf,+ inni* didaa akka taʼuu fi garaan isaa jabaataa akka taʼu Waaqni kee Yihowaan heyyamee ture.+

31 “Achiis Yihowaan, ‘Kunoo, ani ammuma iyyuu Sihoonii fi biyya isaa siif kennuu jalqabeera. Biyya isaa dhaalaan fudhachuu jalqabi’+ naan jedhe. 32 Sihoon guutummaa saba isaa wajjin Yaahaazitti nu loluuf yommuu baʼetti,+ 33 Waaqni keenya Yihowaan harka keenyatti dabarsee isa kenne; nutis isa, ilmaan isaa fi guutummaa saba isaa ni injifanne. 34 Yeroo sanatti magaalota isaa hundumaa ni qabanne; dhiirota, dubartootaa fi ijoollee dabalatee magaalaa hundumaa guutummaatti ni balleessine. Nama tokko illees lubbuudhaan hin hambisne.+ 35 Horiiwwan ofii keenyaaf saamnee fi wantoota magaalota qabanne sana keessaa boojine qofa fudhanne. 36 Aroʼer+ ishii qarqara Sulula* Arnoonitti argamtu (magaalaa sululicha keessatti argamtu dabalatee) irraa jalqabee hamma Giiliyaaditti magaalaan humna keenyaa ol taʼe tokko illee hin turre. Waaqni keenya Yihowaan hunda isaanii iyyuu harka keenyatti dabarsee kenneera.+ 37 Taʼus ati biyya Amoonotaatti,+ guutummaa qarqara Sulula* Yaaboqittii+ fi magaalota naannoo gaarotaa keessa jiranitti yookiin bakka Waaqni keenya Yihowaan nu dhowwe kan biraa kamitti iyyuu hin dhihaanne.

3 “Achiis deebinee karaa Baashaaanitti geessu qabannee ol ni baane. Oog mootiin Baashaanis namoota isaa hundumaa qabatee Edraayitti nu waraanuuf gad baʼe.+ 2 Yihowaanis, ‘Ani isas taʼe saba isaa hundumaa, akkasumas biyya isaa harka keetti dabarsee waanan kennuuf isa hin sodaatin; atis wantuma Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon keessa jiraachaa ture irratti goote isa irrattis ni goota’ naan jedhe. 3 Kanaafuu, Waaqni keenya Yihowaan Oog mootii Baashaanii fi saba isaa hundumaa harka keenyatti dabarsee kenne; nutis isa rukunne; saba isaa keessaas namni tokko illee hin oolle. 4 Achiis magaalota isaa hundumaa qabanne. Magaalaan nuti isaan irraa hin fudhanne hin jiru ture. Guutummaa naannoo Argoob warra bulchiinsa Oog isa Baashaan keessa ture sanaa jala jiran, jechuunis magaalota 60 ni fudhanne.+ 5 Magaalonni kun hundi dallaawwan dhagaa dhedheeroo taʼan, balbaloota, danqaraawwanii fi magaalota baadiyyaa hedduu qabu turan. 6 Haa taʼu malee, akkuma Sihoon mootii Heshboon irratti goone, isaaniinis guutummaatti ni balleessine.+ Magaalota hundumaa, dhiirota, dubartootaa fi ijoollee ni balleessine.+ 7 Horiiwwanii fi wantoota magaalota keessaa boojine hundumaas ofii keenyaaf ni fudhanne.

8 “Yeroo sanatti Sulula* Arnoon irraa jalqabee hamma Gaara Hermoonitti+ biyya mootota Amoorotaa lamaan+ warra naannoo Yordaanos keessa jiraachaa turan sanaa ni fudhanne; 9 (gaara kana Siidoononni Siriyoon jedhanii waamu turan; Amooronni immoo Seenir jedhanii waamu turan) 10 kana malees, magaalota lafa diriiraa* hundumaa, guutummaa Giiliyaad, akkasumas guutummaa Baashaan hamma Saalekaa fi Edraay+ warra magaalota bulchiinsa Oog isa Baashaanitti argamu sanaa taʼaniitti ni qabanne. 11 Oog mootiin Baashaan namoota Refaayim keessaa isa dhumaa ture. Sireen* reeffaa isaa sibiila* irraa kan tolfame yeroo taʼu, hamma harʼaattis Raabaa ishii magaalaa Amoorotaa taate keessatti argama. Sireen sun akka safartuu baramaa taʼeetti dheerinni isaa dhundhuma* sagal, dalgi isaa immoo dhundhuma afur ture. 12 Yeroo sanatti lafa kana dhaalaan ni fudhanne. Innis naannoo Aroʼer+ ishii Sulula* Arnoon biratti argamtu irraa jalqabee jiruu fi walakkaa naannoo gaarotaa Giiliyaad kan dabalatu ture; anis magaalota ishii Ruubenotaa fi Gaadotaaf nan kenne.+ 13 Kutaa Giiliyaad isa hafee fi guutummaa Baashaan isa bulchiinsa Oog taʼe immoo walakkaa gosa Minaaseetiif nan kenne.+ Guutummaan naannoo Argoob inni kan Baashaan taʼe biyya Refaayim jedhama ture.

14 “Yaaʼir+ ilmi Minaasee guutummaa naannoo Argoob+ hamma daangaa Geeshurotaa fi Maʼaakotaatti+ kan fudhate yeroo taʼu, gandeen Baashaan kanas maqaa ofii isaatiin Hawoot Yaaʼir* jedhee moggaase.+ Isaanis hamma harʼaatti maqaa kanaan waamamu. 15 Anis Giiliyaadiin Maakiiriif nan kenne.+ 16 Ruubenotaa fi Gaadotaaf+ immoo Giiliyaad irraa jalqabee hamma Sulula* Arnoonitti nan kenne. Walakkaan sululichaas daangaa isaa ture. Kana malees hamma Yaaboq, jechuunis hamma sulula daangaa Amoonotaa taʼe sanaatti, 17 Arabaa fi Yordaanos, akkasumas daangaa sana, Kinereet irraa hamma Galaana Arabaatti, jechuunis hamma Galaana Soogiddaa* isa kallattii bahaatiin irraan gadee Phisgaa jalatti argamu sanaatti isaaniif nan kenne.+

18 ‘Yeroo kanatti ajaja kana isiniif nan kenne: ‘Waaqni keessan Yihowaan akka ishii dhaaltaniif lafa kana isiniif kenne. Namoonni keessan warri ciccimoo taʼan hundi meeshaa waraanaa hidhatanii Israaʼelota warra obboloota keessan taʼan dura ni ceʼu.+ 19 Magaalota ani isiniif kenne keessatti kan hafan haadhotii manaa keessan, ijoollee keessanii fi horiiwwan keessan (isin horiiwwan hedduu akka qabdan akka gaariitti nan beeka) qofa dha; 20 kunis kan taʼu, Yihowaan akkuma isiniif godhetti hamma obboloota keessaniif boqonnaa kennutti, akkasumas hamma isaan lafa Waaqni keessan Yihowaan Yordaanos gamatti isaaniif kennu sana dhaalaan fudhatanitti dha. Achiis tokkoon tokkoon keessan gara dhaala keessan isa ani isiniif kennetti ni deebitu.’+

21 “Yeroo kanatti akkana jedheen Iyyaasuu+ ajaje: ‘Wanta Waaqni keessan Yihowaan mootota lamaan sana irratti godhe ati ijuma keetiin argiteetta. Yihowaan mootummoota gara isaaniitti ceetu hundumaa irrattis wantuma wal fakkaatu ni godha.+ 22 Kan isiniif lolu Waaqa keessan Yihowaa waan taʼeef, isaan hin sodaatinaa.’+

23 “Yeroo kanatti akkana jedheen Yihowaa kadhadhe: 24 ‘Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ati guddina kee fi irree kee isa jabaa ana tajaajilaa keetti argisiisuu jalqabdeetta;+ samii irrattis taʼe lafa irratti waaqni akka kee wantoota guguddaa akkanaa raawwatu eenyu?+ 25 Maaloo, ani ceʼee biyya gaarii isa Yordaanos gama jiru, naannoo gaarotaa isa gaarii taʼe sanaa fi Libaanoniin akkan ilaalu naaf heyyami.’+ 26 Yihowaan garuu sababii keessaniin baayʼee natti aaree waan tureef+ na hin dhageenye. Kanaa mannaa, Yihowaan akkana naan jedhe: ‘Si gaʼa! Kana booda dhimma kana natti hin kaasin. 27 Gara fiixee Phisgaatti ol baʼiitii,+ gara dhihaa, gara kaabaa, gara kibbaa fi gara bahaa ilaali; ati Yordaanosiin waan hin ceeneef, biyyattii ijuma keetiin ilaali.+ 28 Saba kana dura buʼee kan ceʼuu+ fi biyya ati argitu sana akka dhaalan kan godhu isa waan taʼeef, Iyyaasuu muudi,+ isa jajjabeessi, akkasumas isa cimsi.’ 29 Kun hundi kan taʼe yeroo nuti Beet Peʼoor+ fuuldura sululicha keessa jiraachaa turretti dha.

4 “Ammas yaa Israaʼel, isin lubbuudhaan akka jiraattaniif,+ akkasumas lafa Yihowaan inni Waaqa abbootii keessanii taʼe isiniif kennutti seentanii akka dhaaltaniif, dambiiwwanii fi heerawwan ani akka eegdan isin barsiisu kana dhagaʼaa. 2 Ajajawwan Waaqa keessan Yihowaa isa ani isin ajaju kana akka eegdaniif, dubbii ani isin ajaju kana irratti homaa hin dabalinaa; isa irraas hin hirʼisinaa.+

3 “Baʼaal isa Pheʼoriin ilaalchisee wanta Yihowaan godhe ijuma keessaniin argitaniittu; Waaqni keessan Yihowaan nama Baʼaal isa Pheʼor duukaa buʼe hundumaa isin gidduudhaa haxaaʼee balleesseera.+ 4 Isin warri Waaqa keessan Yihowaa cimsitanii qabattan hundi garuu harʼa lubbuudhaan jirtu. 5 Isin biyya dhaalaan fudhattan keessatti akka isaan eegdaniif, akkuma Waaqni koo Yihowaan na ajajetti, kunoo ani dambiiwwanii fi heerawwan kana isin barsiiseera.+ 6 Isin of eeggannoodhaan isaan hordofaa;+ sababiin isaas, kun saboota waaʼee dambiiwwan kana hundumaa dhagaʼan duratti isin ogummaa+ fi hubannaa+ akka qabdan argisiisa; isaanis, ‘Sabni guddaan kun dhugumaan saba ogeessaa fi hubannaa qabu dha’ jedhu.+ 7 Akka Waaqni keenya Yihowaan yeroo isa waammannu hundumaatti nutti dhihoo taʼetti, sabni guddaan waaqolii isatti dhihoo taʼan qabu isa kami?+ 8 Sabni guddaan dambiiwwanii fi heerawwan qajeeloo akka guutummaa Seera isa ani harʼa isin dura kaaʼaa jiru kanaa qabu isa kami?+

9 “Wantoota ijji keessan arge kana akka hin irraanfannee fi umurii keessan guutuu garaa keessan keessaa akka hin badneef of eeggadhaa;* dammaqoos taʼaa. Ijoollee keessanii fi ijoollee ijoollee keessanittis beeksisaa.+ 10 Guyyaa isin Horeeb keessatti Waaqa keessan Yihowaa dura dhaabbattanii turtanitti Yihowaan, ‘Isaan yeroo lubbuudhaan lafa irra jiran hundumaatti na sodaachuu akka baratanii+ fi ijoollee isaaniis akka barsiisaniif,+ ani dubbii koo akkan isaan dhageessisutti sabicha gara kootti walitti qabi’ naan jedhee ture.+

11 “Kanaafuu, isin dhihaattanii gaaricha jala ni dhaabbattan; gaarichis ibiddi isaa hamma samii* bira gaʼutti bobaʼaa ture; dukkanni, duumessii fi duumessi gurraachis jira ture.+ 12 Yihowaanis ibiddicha keessaa isinitti dubbachuu jalqabe.+ Isin sagalee dubbatu kan dhageessan taʼus, wanta tokko illee hin argine;+ sagalee qofatu dhagaʼama ture.+ 13 Innis kakuu isaa isa akka eegdan isin ajaje sana, jechuunis Ajajawwan Kurnan*+ sana isiniif ni labse.+ Achiis gabateewwan dhagaa lama irratti isaan barreesse.+ 14 Yeroo sanatti Yihowaan dambiiwwanii fi heerawwan warra isin biyya dhaalaan fudhachuuf itti seentan keessatti eegdan sana akkan isin barsiisu na ajaje.

15 “Kanaafuu, isin guyyaa Yihowaan Horeeb keessatti ibidda sana gidduudhaa isinitti dubbatetti wanta akkamii iyyuu waan hin argineef of eeggadhaa;* 16 fakkii mallattoo akkamiitiin iyyuu bocame tolfachuudhaan badiisa ofitti hin fidinaa. Fakkii dhiiraa yookiin fakkii dubartii,+ 17 fakkii bineensa lafa irra jiraatu akkamii iyyuu yookiin fakkii simbira samii keessa barrisu akkamii iyyuu,+ 18 fakkii wanta lafa irra loʼu akkamii iyyuu yookiin fakkii qurxummii lafa jala bishaan keessa jiru akkamii iyyuu hin tolfatinaa.+ 19 Ati ija kee gara samiitti ol kaastee aduu, addeessaa fi urjiilee warra raayyaa samii taʼan hundumaa yommuu ilaaltu, gowwoomfamtee isaaniif hin sagadin; akkasumas isaan hin tajaajilin.+ Isaan warra Waaqni kee Yihowaan namoota samii jalatti argaman hundumaatiif kenne dha. 20 Isin garuu akkuma harʼa taatan kana saba qabeenya dhuunfaa* isaa akka taataniif+ warra Yihowaan iddoo ibiddaa* sibiila itti baqsan keessaa, jechuunis biyya Gibxii keessaa baase dha.

21 “Yihowaan sababii keessaniin anatti aaree,+ Yordaanosiin akkan hin ceene yookiin gara biyya gaarii ishii Waaqni keessan Yihowaan dhaalaan isiniif kennutti akkan hin seenne ni kakate.+ 22 Ani biyya kana keessatti waanan duʼuuf Yordaanosiin hin ceʼu;+ isin garuu ceetanii biyya gaarii kana ni dhaaltu. 23 Kakuu Waaqni keessan Yihowaan isinii wajjin gale akka hin irraanfanne of eeggadhaa;+ akkasumas fakkii bocame, fakkii wanta Waaqni keessan Yihowaan isin dhowwe akkamii iyyuu hin tolfatinaa.+ 24 Sababiin isaas Waaqni keessan Yihowaan ibidda gubee balleessu,+ Waaqa guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu dha.+

25 “Isin ijoollee fi ijoollee ijoollee qabaattanii, biyyattii keessas yeroo dheeraadhaaf jiraattanii, wanta badiisa isinitti fidu yoo raawwattan, fakkii bocame akkamii iyyuu yoo tolfattanii+ fi isa aarsuuf wanta Waaqa keessan Yihowaa duratti hamaa taʼe yoo raawwattan,+ 26 biyya dhaalaan fudhachuuf Yordaanosiin ceetan sana keessaa dhugumaan daftanii akka balleeffamtan ani harʼa samii fi lafa isin irratti ragoota godhee nan dhiheessa. Isin haxaaʼamtanii ni balleeffamtu malee, yeroo dheeraadhaaf ishii irra hin jiraattan.+ 27 Yihowaan saboota gidduutti isin bittinneessa;+ isin keessaa namoota muraasa qofatu saboota Yihowaan itti isin ariʼu gidduutti hafa.+ 28 Achittis isin waaqolii harka namaatiin mukaa fi dhagaa irraa tolfaman, waaqolii ilaaluu yookiin dhagaʼuu yookiin nyaachuu yookiin fuunfachuu hin dandeenye ni tajaajiltu.+

29 “Isin achuma taatanii Waaqa keessan Yihowaa yoo barbaaddattan, garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan yoo isa barbaaddattan+ dhugumaan isa ni argattu.+ 30 Dhiphina guddaa keessa yommuu galtuu fi wantoonni kun hundi yeroo booda yommuu si irra gaʼan, ati gara Waaqa kee Yihowaatti ni deebita, sagalee isaas ni dhageessa.+ 31 Sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan Waaqa gara laafessa taʼe dha.+ Inni si hin dhiisu yookiin si hin balleessu yookiin kakuu abbootii keetiif kakate hin irraanfatu.+

32 “Ammas waaʼee guyyoota durii warra bara kee dura turan sanaa, jechuunis waaʼee yeroo guyyaa Waaqayyo lafa irratti nama itti uume irraa jalqabee jiru sanaa gaafadhu; fiixee samii isa tokko irraa hamma fiixee samii isa kan biraatti barbaadi. Wanti baayʼee guddaa taʼe akkanaa raawwatamee beekaa? Yookiin wanti kana fakkaatu dhagaʼamee beekaa?+ 33 Sabni akka ati dhageessetti sagaleen Waaqayyoo ibidda keessaa yommuu dubbatu dhagaʼee lubbuudhaan oole kan biraan jiraa?+ 34 Yookiin Waaqni keessan Yihowaan biyya Gibxii keessatti ijuma keessan duratti akka isiniif godhetti, murtiiwwaniin, mallattoowwaniin, dinqiiwwaniin,+ waraanaan,+ harka jabaadhaan,+ irree diriirfameen, akkasumas gochawwan sodaachisoo taʼaniin+ saboota kaan keessaa ofii isaatiif saba tokko fudhachuuf yaadee beekaa? 35 Waaqni dhugaan Yihowaa taʼuu isaa akka beektaniif, wantoonni kun isinumatti argisiifamaniiru;+ isa malee kan biraan hin jiru.+ 36 Inni si sirreessuuf samii keessaa sagalee isaa akka dhageessu godhe; lafa irrattis ibidda isaa isa guddaa akka argitu godhe; atis ibidda sana keessaa dubbii isaa dhageesseetta.+

37 “Abbootii kee waan jaallatee fi sanyii isaanii warra isaan booda jiran waan filateef,+ ati humna isaa isa guddaadhaan ija isaa duratti biyya Gibxii keessaa baafamteetta. 38 Akkuma harʼa taʼe kana inni achitti si galchuu fi biyya isaanii dhaalaan siif kennuuf, saboota si caalaa guguddoo fi ciccimoo taʼan si duraa ariʼeera.+ 39 Kanaafuu, Yihowaan ol samii irrattis taʼe gad lafa irratti Waaqa dhugaa taʼuu isaa harʼa beeki; yaada keettis qabadhu.+ Isa malee kan biraan hin jiru.+ 40 Siifis taʼe ilmaan kee warra si booda dhufaniif gaarii akka taʼuuf, biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessa bara dheeraa akka jiraattuufis, dambiiwwan isaa fi ajajawwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana eegi.”+

41 Yeroo sanatti Museen magaalota Yordaanos irraa gara bahaatti argaman sadii adda ni baase.+ 42 Namni tokko utuu itti hin yaadin nama yoo ajjeese, innis duraan nama sanaaf jibba hin qabu yoo taʼe,+ namni sun magaalota kana keessaa gara isa tokkootti baqatee lubbuu isaa haa oolfatu.+ 43 Magaalonni kunis, Ruubenotaaf, Beezer+ ishii lafa onaa keessatti lafa diriiraa* irratti argamtu, Gaadotaaf, Raamot+ ishii Giiliyaad keessatti argamtu, Minaasotaaf+ immoo, Goolaan+ ishii Baashaan keessatti argamtu ni taʼu.

44 Seerri+ Museen saba Israaʼel dura kaaʼe kana dha. 45 Yaadachiisawwan, dambiiwwanii fi heerawwan Museen Israaʼelonni biyya Gibxii keessaa erga baʼanii booda+ 46 naannoo Yordaanos keessatti, sulula isa Beet Peʼoor fuulduratti argamu keessatti,+ biyya Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon+ keessa jiraachaa turee fi Musee fi Israaʼelonni biyya Gibxii keessaa erga baʼanii booda injifatan sanaa keessatti isaaniif kenne kanneen kana dha.+ 47 Isaanis biyya isaa fi biyya Oog+ mootii Baashaan, jechuunis biyya mootota Amoorotaa lamaan warra naannoo Yordaanos irraa kallattii bahaatiin argaman sanaa dhaalaan ni fudhatan; 48 kunis Aroʼer+ isa qarqara Sulula* Arnoonitti argamu irraa hamma Gaara Siyoon, jechuunis hamma Hermoonitti,+ 49 akkasumas guutummaa Arabaa isa naannoo baha Yordaanositti argamuu fi hamma Galaana Arabaa* isa irraan gadee Phisgaa jalatti argamuutti kan gaʼu dha.+

5 Achiis Museen guutummaa Israaʼeliin waamee akkana isaaniin jedhe: “Yaa Israaʼel, dambiiwwanii fi heerawwan ani harʼa isin beeksisu kana dhagaʼaa, isaan baradhaa, akkasumas of eeggannoodhaan hojii irra oolchaa. 2 Waaqni keenya Yihowaan Horeeb keessatti nuu wajjin kakuu galee ture.+ 3 Yihowaan kakuu kana kan gale nu warra harʼa lubbuudhaan as jirru hundumaa wajjin malee, abbootii keenyaa wajjin hin turre. 4 Yihowaan gaaricha irratti ibidda keessaa fuulaa fuulatti isinitti dubbate.+ 5 Isin ibiddichaan kan kaʼe sodaattanii gara gaarichaatti waan ol hin baaneef,+ ani yeroo sanatti dubbii Yihowaa isiniif dabarsuuf Yihowaa fi isin gidduu dhaabbadheen ture.+ Innis akkana jedhe:

6 “‘Ani Waaqa kee Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa si baase dha.+ 7 Ana biratti* matumaa waaqolii kan biroo akkamii iyyuu hin qabaatin.+

8 “‘Wanta ol gubbaa samii keessa jiru yookiin gad lafa irra jiru yookiin lafa jala bishaan keessa jiru kam iyyuu fakkeessitee ofii keetiif fakkii bocamaa+ yookiin fakkii kan biraa hin tolfatin. 9 Ati isaaniif hin sagadin yookiin oofamtee isaan hin tajaajilin;+ sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu,+ akkasumas warra isa jibban cubbuu abbootiitiif ilmaan irratti, dhaloota sadaffaa irrattii fi dhaloota arfaffaa irratti adaba fidu dha;+ 10 warra na jaallatanii fi ajajawwan koo eeganiif garuu, Waaqa hamma dhaloota kumaatti jaalala amanamaa argisiisu dha.

11 “‘Yihowaan nama maqaa isaa akkasumaan dhaʼu kam iyyuu utuu hin adabin waan hin dhiisneef,+ ati maqaa Waaqa kee Yihowaa akkasumaan hin dhaʼin.+

12 “‘Akkuma Waaqni kee Yihowaan si ajajetti, guyyaa Sanbataa qulqulluu godhii eegi.+ 13 Guyyaa jaʼaaf hojii kee fi wantoota raawwattu hundumaa raawwadhu;+ 14 guyyaan torbaffaan garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf sanbata dha.+ Garbichi kee fi garbittiin tees akkuma kee akka boqotaniif,+ ati yookiin ilmi kee yookiin intalli tee yookiin garbichi kee yookiin garbittiin tee yookiin qotiyyoon kee yookiin harreen kee yookiin beeladoonni kee kam iyyuu yookiin namni biyya ormaa magaalota* kee keessa jiraatu+ hojii akkamii iyyuu hin hojjetinaa.+ 15 Atis biyya Gibxii keessatti garbicha akka turtee fi Waaqni kee Yihowaan harka jabaa fi irree diriirfameen achi keessaa akka si baase yaadadhu.+ Waaqni kee Yihowaan guyyaa Sanbataa akka kabajju kan si ajaje kanaafi.

16 “‘Biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessatti bara dheeraa akka jiraattuu fi badhaadhaa akka taatuuf,*+ akkuma Waaqni kee Yihowaan si ajajetti abbaa kee fi haadha tee kabaji.+

17 “‘Hin ajjeesin.+

18 “‘Hin ejjin.+

19 “‘Hin hatin.+

20 “‘Sobaan nama irratti ragaa hin baʼin.+

21 “‘Haadha manaa namaa hin hawwin.+ Ofittummaadhaan kakaatee mana namaa yookiin maasii isaa yookiin garbicha isaa yookiin garbittii isaa yookiin qotiyyoo isaa yookiin harree isaa yookiin wanta kan isaa taʼe kam iyyuu hin hawwin.’+

22 “Yihowaan ajajawwan* kana gaaricha irratti ibidda, duumessaa fi duumessa gurraacha keessaa+ sagalee guddaadhaan guutummaa gumii keessaniitti dubbate; kana irrattis homaa hin daballe; achiis gabateewwan dhagaa lama irratti isaan barreessee natti kenne.+

23 “Haa taʼu malee, isin dukkanicha keessaa sagalee sana akkuma dhageessaniin, utuma gaarichi ibiddaan gubachaa jiruu+ dura buutonni gosoota keessanii fi jaarsoliin hundi gara koo ni dhufan. 24 Achiis akkana naan jettan: ‘Kunoo, Waaqni keenya Yihowaan ulfina isaa fi guddina isaa nutti argisiiseera; ibidda sana keessaas sagalee isaa dhageenyeerra.+ Waaqayyo namaa wajjin dubbatee namni lubbuudhaan ooluu akka dandaʼu harʼa argineerra.+ 25 Maarree maaliif duuna? Sababiin isaas, ibiddi guddaan kun nu fixuu dandaʼa. Sagalee Waaqa keenya Yihowaa dhagaʼuu keenya yoo itti fufne akka duunu hin shakkisiisu. 26 Foon kan taʼe hundumaa keessaa namni akkuma keenya yeroo Waaqni jiraataan ibidda keessaa dubbatu sagalee isaa dhagaʼee lubbuudhaan oole eenyu? 27 Wanta Waaqni keenya Yihowaan jedhu hundumaa dhagaʼuuf sumatu itti dhihaata; wanta Waaqni keenya Yihowaan siin jedhu hundumaas situ nutti hima; nutis ni dhageenya, hojii irras ni oolchina.’+

28 “Yihowaanis wanta isin naan jettan ni dhagaʼe; achiis Yihowaan akkana naan jedhe: ‘Ani wanta sabni kun siin jedhe dhagaʼeera. Wanti isaan jedhan hundis gaarii dha.+ 29 Isaan yeroo hundumaa garaa na sodaachuu+ fi ajajawwan koo hundumaa eeguu+ barbaadu utuu qabaatanii akkam gaarii ture! Silaa isaaniifis taʼe ilmaan isaaniitiif bara baraaf gaarii taʼa ture.+ 30 Dhaqiitii, “Gara dunkaana keessaniitti deebiʼaa” isaaniin jedhi. 31 Ati garuu asuma ana bira turi; anis ajajawwan, dambiiwwanii fi heerawwan isaan barsiistuu fi isaan biyya dhaalaan akka fudhataniif ani isaaniif kennu keessatti eegan hundumaa sitti nan hima.’ 32 Ammas yaa namoota nana, wanta Waaqni keessan Yihowaan isin ajaje of eeggannoodhaan raawwadhaa.+ Gara mirgaattis taʼe gara bitaatti hin gorinaa.+ 33 Isin biyya dhaalaan fudhattan keessatti lubbuudhaan akka jiraattaniif, badhaadhota akka taatanii fi umurii akka dheereffattaniif,+ daandii Waaqni keessan Yihowaan isin ajaje hundumaa irra deemaa.+

6 “Isin gara biyya dhaalaan fudhattanitti yommuu ceetan akka isaan eegdaniif, ajajawwan, dambiiwwanii fi heerawwan Waaqni keessan Yihowaan isin barsiisuuf kenne kanneen kana dha; 2 kunis ati, ijoolleen kee fi ijoolleen ijoollee keetii bara dheeraa akka jiraattaniif,+ bara jireenyaa keessan hundumaatti Waaqa keessan Yihowaa akka sodaattaniif, dambiiwwan isaa fi ajajawwan isaa warra ani isin ajaju hundumaas akka eegdaniifi.+ 3 Yaa Israaʼel, akkuma Waaqni abbootii keetii Yihowaan waadaa siif galetti, ati biyya aannanii fi damma maddisiistu keessatti badhaadhaa fi baayʼee hedduu akka taatuuf dhaggeeffadhu, of eeggannoodhaanis hojii irra isaan oolchi.

4 “Yaa Israaʼel dhagaʼi: Waaqni keenya Yihowaan, Yihowaa tokkicha dha.+ 5 Atis Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu* kee guutuudhaan,+ humna* kee guutuudhaanis jaalladhu.+ 6 Dubbiin ani harʼa si ajaju kun garaa kee keessa haa taaʼu; 7 isaaniinis garaa ijoollee keetii keessatti boci;*+ yommuu mana kee keessa teessu, yommuu karaa irra deemtu, yommuu ciistuu fi yommuu kaatu waaʼee isaanii dubbadhu.+ 8 Akka yaadannootti harka kee irratti isaan hidhadhu; adda kee irrattis* akka marata mataa siif haa taʼan.+ 9 Maqaaniiwwan mana keetii fi karrawwan kee irratti isaan barreessi.

10 “Waaqni kee Yihowaan gara biyya siif kennuuf abbootii kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakatetti, magaalota guguddoo fi gaggaarii ati hin ijaarretti+ yommuu si galchu,+ 11 gara manneen wantoota gaggaarii akaakuu hundumaa ati itti hin dadhabneen guutamanitti, gara boollawwan bishaanii ati hin qonnetti, akkasumas gara maasiiwwan wayinii fi mukeetii ejersaa* ati hin dhaabnetti yommuu si fiduu fi atis nyaattee yommuu quuftutti,+ 12 Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa si baase akka hin irraanfanne of eeggadhu.+ 13 Waaqa kee Yihowaa sodaadhu;+ isa tajaajili;+ maqaa isaatiinis kakadhu.+ 14 Waaqolii kan biroo, waaqolii saboota isinitti marsanii jiranii kam iyyuu duukaa hin buʼinaa;+ 15 sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan inni si gidduutti argamu Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu dha.+ Taʼuu baannaan, aariin Waaqa kee Yihowaa si irratti ni bobaʼa;+ innis lafa irraa haxaaʼee si balleessa.+

16 “Akkuma Maasaatti isa qortanitti+ Waaqa keessan Yihowaa hin qorinaa.+ 17 Ajajawwan Waaqa keessan Yihowaa, yaadachiisawwanii fi dambiiwwan isaa warra inni akka eegdan isin ajaje akka gaariitti eegaa. 18 Ati badhaadhaa akka taatuuf, akkasumas biyya gaarii Yihowaan abbootii keetiif akka kennu kakatetti galtee dhaalaan fudhachuu akka dandeessuuf, wanta Yihowaa duratti sirrii fi gaarii taʼe raawwadhu;+ 19 akkuma Yihowaan abdachiisetti, diinota kee hundumaa of duraa ariita.+

20 “Gara fuulduraatti ilmi kee, ‘Hiikni yaadachiisawwan, dambiiwwanii fi heerawwan Waaqni keenya Yihowaan isin ajaje kanaa maali dha?’ jedhee yommuu si gaafatu, 21 ilma keetiif akkana jettee deebista: ‘Nuti biyya Gibxii keessatti Faraʼooniif garboota turre; Yihowaan garuu harka jabaadhaan biyya Gibxii keessaa nu baase. 22 Yihowaan ijuma keenya duratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan guguddaa badiisa cimaa geessisan biyya Gibxii irratti, Faraʼoon irrattii fi maatii isaa hundumaa irratti+ ni erge.+ 23 Biyya abbootii keenyaaf kakate nuuf kennuu fi as nu fiduuf achi keessaa nu baase.+ 24 Achiis akkuma harʼa taʼaa jiru kanatti lubbuudhaan jiraachuu keenya akka itti fufnuuf,+ Yihowaan dambiiwwan kana hundumaa akka raawwannu, akkasumas yeroo hundumaa gaarii akka nuuf taʼutti Waaqa keenya Yihowaa akka sodaannu nu ajaje.+ 25 Akkuma inni nu ajajetti Waaqa keenya Yihowaadhaaf* ajajamnee, of eeggannoodhaan ajajawwan isaa kana hundumaa yoo eegne, kun akka qajeelummaatti nuuf lakkaaʼama.’+

7 “Waaqni kee Yihowaan gara biyya itti seentee dhaalaan fudhachuuf jettutti yommuu si galchu,+ inni saboota torba warra si caalaa uummata hedduu qabanii fi ciccimoo taʼan,+ jechuunis Heetota, Girgaashota, Amoorota,+ Kanaʼaanota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota+ si duraa ni balleessa.+ 2 Waaqni kee Yihowaan sitti dabarsee isaan ni kenna; atis isaan ni injifatta.+ Ati mamii tokko malee haxaaʼii isaan balleessi.+ Isaanii wajjin kakuu akkamii iyyuu hin galin yookiin gara laafina tokko illee isaanitti hin argisiisin.+ 3 Gaaʼelaan isaanitti hin firoomin. Ijoollee durbaa kee ijoollee dhiiraa isaaniitiif hin kennin yookiin ijoollee durbaa isaanii ijoollee dhiiraa keetiif hin fudhatin.+ 4 Sababiin isaas, isaan ilmaan kee ana duukaa buʼuu irraa goranii waaqolii kan biroo akka tajaajilan ni godhu;+ achiis dheekkamsi Yihowaa si irratti bobaʼa; innis hatattamaan haxaaʼee si balleessa.+

5 “Kanaa mannaa, wanti isaan irratti gochuu qabdan kana dha: Iddoowwan aarsaa isaanii diigaa, siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa,+ utubaawwan waaqeffannaa* isaanii kukkutaa,+ fakkiiwwan isaanii warra bocamanis gubaa.+ 6 Ati Waaqa kee Yihowaadhaaf saba qulqulluu dha; Waaqni kee Yihowaan saboota lafa irra jiraatan hundumaa keessaa saba isaa, isa isaaf qabeenya addaa* taʼe akka taatu si filateera.+

7 “Yihowaan kan isin jaallatee fi kan isin filate+ isin saboota hundumaa irra hedduu waan turtaniif miti; saboota hundumaa irra lakkoofsi keessan xinnoo ture.+ 8 Kanaa mannaa, Yihowaan mana garbummaa fi humna* Faraʼoon mootii Gibxii jalaa isin furuuf+ harka jabaadhaan kan isin baase, Yihowaan waan isin jaallateef, kakuu abbootii keessaniif kakates waan eegeef ture.+ 9 Waaqni kee Yihowaan Waaqa dhugaa, Waaqa amanamaa, Waaqa warra isa jaallatanii fi ajajawwan isaa eeganiif hamma dhaloota kumaatti kakuu isaa eeguu fi jaalala amanamaa argisiisu taʼuu isaa akka gaariitti beekta.+ 10 Haa taʼu malee, inni warra isa jibban ifatti balleessuudhaan gatii isaanii isaaniif ni kenna.+ Inni warra isa jibbaniif hin obsu; kanaa mannaa ifatti gatii isaanii isaaniif kenna. 11 Kanaafuu, ati isaan eeguudhaan ajajawwan, dambiiwwanii fi heerawwan ani harʼa si ajaju kana of eeggannoodhaan raawwadhu.

12 “Isin heerawwan kana yoo dhageessan, yoo isaan eegdanii fi yoo isaan raawwattan, Waaqni keessan Yihowaan kakuu kakatee fi jaalala amanamaa abbootii keessanitti argisiisuuf kakate ni eega. 13 Inni si jaallata, si eebbisa, si baayʼisas. Eeyyee, inni biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakate keessatti+ ijoollee hedduu siif kennuudhaan,*+ oomisha lafa keetiitiin, oomisha midhaan keetiitiin, oomisha wayinii haaraa keetiitiin, oomisha zayitii keetiitiin,+ jabbilee horii keetii fi ilmoolee bushaayee* keetiitiin si eebbisa. 14 Ati saboota hundumaa caalaa kan eebbifamte taata;+ si gidduutti dhiirri yookiin dubartiin dhala hin qabaanne hin jiraatu; horiin kees maseena hin taʼu.+ 15 Yihowaan dhukkuba hundumaa si irraa ni balleessa; dhukkuboota hamoo biyya Gibxii keessatti beektu sana keessaa isa kam iyyuu si irratti hin fidu.+ Kanaa mannaa, wantoota kana warra si jibban hundumaa irratti ni fida. 16 Saboota Waaqni kee Yihowaan dabarsee sitti kennu hundumaa ni balleessita.*+ Kun kiyyoo waan sitti taʼuuf,+ isaaniif hin gaddin,*+ waaqolii isaaniis hin tajaajilin.+

17 “Ati garaa keetti, ‘Saboonni kun lakkoofsaan nu irra ni caalu. Ani akkamittan isaan ariʼuu dandaʼa?’ jettee yaaduudhaan+ 18 isaan hin sodaatin.+ Wanta Waaqni kee Yihowaan Faraʼoonii fi guutummaa Gibxii irratti raawwate yaadadhu;+ 19 murtiiwwan guguddaa ija keetiin argite, mallattoowwan, dinqiiwwan,+ harka jabaa fi irree diriirfame warra Waaqni kee Yihowaan achi keessaa ittiin si baase sana hin dagatin.+ Waaqni kee Yihowaan saba ati sodaattu hundumaa irratti kana ni godha.+ 20 Isaan keessaa hamma warri hafanii fi si duraa dhokatan sun dhumanitti Waaqni kee Yihowaan naasuu* isaanitti ni erga.+ 21 Waaqni kee Yihowaan inni Waaqa guddaa fi sodaachisaa taʼe+ sii wajjin waan jiruuf,+ isaaniin kan kaʼe hin sodaatin.

22 “Waaqni kee Yihowaan saba kana suutuma suuta si duraa ni ariʼa.+ Bineensonni bosonaa si irratti akka wal hin horreef, ati daftee akka isaan balleessitu siif hin heyyamamu. 23 Waaqni kee Yihowaan harka keetti dabarsee isaan ni kenna; hamma isaan haxaaʼamanii balleeffamanittis guutummaatti isaan ni moʼa.+ 24 Inni mootota isaanii harka keetti dabarsee ni kenna;+ atis maqaa isaanii samii jalaa haxooftee ni balleessita.+ Hamma haxooftee isaan balleessituttis+ namni tokko illee si dura hin dhaabbatu.+ 25 Fakkiiwwan waaqolii isaanii warra bocaman ibiddaan gubaa.+ Meetii fi warqiin isaan irra jiru Waaqa kee Yihowaa duratti jibbisiisaa waan taʼeef,+ kiyyoo akka sitti hin taaneef isa hin hawwin yookiin hin fudhatin.+ 26 Atis wanta jibbisiisaa taʼee wajjin akka hin balleeffamneef, wanta jibbisiisaa taʼe akkamii iyyuu gara mana keetti hin galchin. Wanta guutummaatti balleeffamuu qabu waan taʼeef, ati guutummaatti isa balfachuu fi guutummaatti isa jibbuu qabda.

8 “Lubbuudhaan jiraachuu keessan akka itti fuftaniif,+ akka baayʼattanii fi biyya Yihowaan abbootii keessaniif kennuuf kakatetti seentanii dhaalaan akka fudhattaniif,+ ajaja ani harʼa isiniif kennu hundumaa of eeggannoodhaan eegaa. 2 Daandii dheeraa Waaqni kee Yihowaan waggaa 40n kanaaf lafa onaa keessa akka irra deemtu si godhe sana yaadadhu;+ kana kan godhes, wanta garaa kee keessa jiru beekuuf,+ jechuunis ajajawwan isaa eeguu fi dhiisuu kee beekuuf, gad si qabuu fi si qoruuf jedhee ti.+ 3 Namni dubbii afaan Yihowaa keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu akka hin dandeenye akka beektu gochuuf,+ gad si qabee akka beeloftu ni godhe;+ akkasumas mannaa atis taate abbootiin kee hin beekne si soore.+ 4 Waggaa 40n kanaaf uffanni uffatte hin dhumne, miilli kees hin dhiitofne.+ 5 Akkuma namni tokko ilma isaa sirreessutti Waaqni kee Yihowaan si sirreessaa akka ture+ garaa keetti akka gaariitti ni beekta.

6 “Ammas daandiiwwan isaa irra deemuudhaan, akkasumas isa sodaachuudhaan ajajawwan Waaqa kee Yihowaa eegi. 7 Sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan biyya gaarii,+ biyya lageen* qabdu, biyya burqaawwanii fi fincaaʼaawwan* dirree keessa, akkasumas naannoo gaarotaa keessa yaaʼan qabdutti si galcha; 8 biyya qamadii fi garbuutti, biyya mukeetii wayiniitti, biyya mukeetii harbuutti, biyya romaaniitti,+ biyya zayitii ejersaattii fi biyya dammaatti,+ 9 biyya hanqinni midhaanii hin jirrettii fi ati homaa keessaa hin dhabnetti, biyya dhagoonni ishii sibiila qabanitti, biyya gaarota ishii irraa sibiila diimaa baafattuttis si galcha.

10 “Ati nyaattee yommuu quuftutti biyya gaarii inni sii kenneef Waaqa kee Yihowaa jajadhu.+ 11 Ajajawwan isaa, heerawwan isaa fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana eeguu dhiisuudhaan, Waaqa kee Yihowaa akka hin irraanfanne of eeggadhu. 12 Ati nyaattee yommuu quuftuu fi manneen gaggaarii ijaarrattee yommuu keessa jiraattu,+ 13 horiin kee fi bushaayeewwan kee yommuu horan, meetiin kee fi warqiin kee yommuu baayʼatu, akkasumas wanta hundumaa baayʼinaan yommuu argattu, 14 garaan kee boonee+ Waaqa kee Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa si baase,+ 15 isa lafa onaa guddaa fi sodaachisaa taʼe keessa,+ bakka bofti summii qabuu fi torbaanqabaan* jirutti, lafa gogaa bishaan hin qabne keessas akka deemtu godhe sana akka si irraanfachiisu hin heyyamin. Inni qarsaa cimaa keessaa bishaan akka yaaʼu godheera;+ 16 inni gara fuulduraatti akka si fayyaduuf jedhee+ gad si qabuu+ fi si qoruuf lafa onaa keessatti mannaa abbootiin kee hin beekne si sooreera.+ 17 Ati garaa keetti, ‘Humni koo fi jabinni harka kootii badhaadhina kana naaf argamsiiseera’ jettee yoo yaadde,+ 18 akkuma harʼa taʼe kana, inni kakuu abbootii keetiif gale raawwachuuf+ badhaadhina akka qabaattuuf humna kan sii kennu Waaqa kee Yihowaa taʼuu isaa yaadadhu.+

19 “Ati garuu Waaqa kee Yihowaa yoo irraanfatte, waaqolii kan biroo duukaa yoo buute, yoo isaan tajaajiltee fi isaaniif yoo sagadde, dhugumaan akka balleeffamtan ani harʼa isin irratti ragaa nan baʼa.+ 20 Isin sagalee Waaqa keessan Yihowaa waan hin dhageenyeef, akkuma saboota Yihowaan isin duratti balleesse sanaatti ni balleeffamtu.+

9 “Yaa Israaʼel dhagaʼi, ati harʼa Yordaanosiin ceetee+ seenuudhaan biyya saboota si caalaa guguddoo fi ciccimoo taʼan,+ magaalota guguddoo dallaawwan dhagaa samii bira gaʼan qaban,+ 2 warra namoota guguddoo fi dhedheeroo taʼan, jechuunis ilmaan Anaaqiim+ warra ati waaʼee isaanii beektuu fi ‘Eenyutu ilmaan Anaaqiim dura dhaabbachuu dandaʼa?’ yeroo jedhamu dhageesse sana qaban ni fudhatta. 3 Kanaafuu, Waaqni kee Yihowaan si dura akka ceʼu harʼa beeki.+ Inni ibidda gubee balleessu dha;+ haxaaʼees isaan ni balleessa. Akkuma Yihowaan waadaa siif galetti, ati daftee akka isaan ariituu* fi akka isaan balleessituuf ija kee duratti akka isaan moʼaman ni godha.+

4 “Waaqni kee Yihowaan si duraa yommuu isaan ariʼutti ati garaa keetti, ‘Yihowaan biyya kana dhaalaan akkan fudhadhuuf asitti kan na galche qajeelummaa kootiin kan kaʼe dha’ jettee hin yaadin.+ Kanaa mannaa, Yihowaan saboota kana si duraa kan ariʼu hammina isaaniitiin kan kaʼe dha.+ 5 Ati biyya isaanii dhaalaan fudhachuuf kan seentu qajeelummaa keetiin yookiin qajeelina garaa keetiitiin kan kaʼe miti. Kanaa mannaa, Waaqni kee Yihowaan saboota kana si duraa kan ariʼu hammina isaaniitiin kan kaʼe dha;+ akkasumas kakuu Yihowaan abbootii kee Abrahaam,+ Yisihaaqii+ fi Yaaqoobiif+ kakate raawwachuuf jedhee ti. 6 Ati saba didaa* waan taateef,+ Waaqni kee Yihowaan biyya gaarii kana dhaalaan kan siif kennu qajeelummaa keetiin kan kaʼe akka hin taane beeki.

7 “Akkaataa lafa onaa keessatti Waaqa kee Yihowaa itti dheekkamsiiste sana yaadadhu; matumaas hin irraanfatin.+ Guyyaa biyya Gibxii keessaa itti baatan irraa jalqabee hamma iddoo kana geessanitti Yihowaa irratti finciltaniittu.+ 8 Isin Horeeb keessatti illee Yihowaa dheekkamsiistaniittu; Yihowaanis baayʼee waan isinitti aareef haxaaʼee isin balleessuuf qophaaʼee ture.+ 9 Ani gabateewwan dhagaa, jechuunis gabateewwan kakuu Yihowaan isinii wajjin gale qabatan sana+ fudhachuuf yommuun gaarichatti ol baʼetti,+ nyaata utuu hin nyaatin, bishaanis utuu hin dhugin guyyaa 40 fi halkan 40 gaaricha irra tureera.+ 10 Achiis Yihowaan gabateewwan dhagaa lamaan warra quba Waaqayyootiin irratti barreeffame naaf kenne; wanti Yihowaan guyyaa yaaʼichaatti* gaaricha irratti ibidda keessaa isinitti dubbate hundis isaan irratti barreeffamee ture.+ 11 Guyyaa 40 fi halkan 40 sana boodas Yihowaan gabateewwan dhagaa lamaan, jechuunis gabateewwan kakuu sana natti kenne; 12 achiis Yihowaan, ‘Sabni kee warri ati biyya Gibxiitii baaste sun waan of xureessaniif, kaʼi, dafiitii gad buʼi.+ Isaan daandii ani akka irra deeman isaan ajaje irraa hatattamaan jalʼataniiru. Ofii isaaniitiifis sibiila irraa fakkii* tolfataniiru’+ naan jedhe. 13 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: ‘Ani saba kana ilaaleera; kunoo, sabni kun didaa* dha.+ 14 Kanaafuu, guutummaatti isaan nan balleessa; maqaa isaaniis samii jalaa haxaaʼee nan balleessa; siin garuu isaan caalaa saba guddaa fi hedduu nan godha.’+

15 “Anis deebiʼee utuma gaarri sun bobaʼaa jiruu gaaricha irraa gad nan buʼe;+ gabateewwan kakuu lamaanis harka koo lamaanitti qabadheen ture.+ 16 Achiis yommuun ol jedhee ilaalu isin Waaqa keessan Yihowaa irratti cubbuu hojjechuu keessan nan arge! Isin sibiila irraa ofii keessaniif jabbii tolfattanii turtan. Daandii Yihowaan akka hordoftan isin ajaje irraas hatattamaan gortanii turtan.+ 17 Kanaafuu, gabateewwan lamaan sana fuudhee, harka koo lamaaniin darbadhee ijuma keessan duratti isaan nan caccabse.+ 18 Achiis akkuman jalqaba irratti godhe, guyyaa 40 fi halkan 40 Yihowaa duratti nan gombifame. Wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuudhaan, akkasumas isa aarsuudhaan cubbuu isin raawwattan hundumaatiin kan kaʼe, ani nyaata hin nyaanne, bishaanis hin dhugne.+ 19 Yihowaan akka malee isinitti aaree+ haxaaʼee isin balleessuuf qophaaʼee waan tureef, ani sodaadheen ture. Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo sanattis na dhagaʼe.+

20 “Yihowaan Aaronittis akka malee aaree isa balleessuuf qophaaʼee ture;+ haa taʼu malee, yeroo sanattis Aaroniif jedhee wawwaannaa nan dhiheesse. 21 Achiis jabbii+ isa isin tolchuudhaan cubbuu ittiin raawwattan sana fuudhee ibiddaan nan gube; caccabsees hamma inni akka awwaaraatti bullaaʼutti nan daake; achiis daakuu sana laga gaaricha irraa gad yaaʼu keessatti nan bittinneesse.+

22 “Kana boodas, isin Taaberaa,+ Maasaa+ fi Qibroot Hataawaatti+ Yihowaa ni dheekkamsiistan. 23 Yommuu Yihowaan Qaadesh Barneʼaadhaa+ isin ergee, ‘Ol baʼaatii biyya ani dhugumaan isiniif kennu dhaalaan fudhadhaa!’ isiniin jedhetti, isin ammas ajaja Waaqa keessan Yihowaa irratti ni finciltan;+ isin isatti hin amanne,+ isaafis hin ajajamne. 24 Ergan isin beekee jalqabee Yihowaa irratti fincilaa jirtu.

25 “Kanaafuu, guyyaa 40 fi halkan 40 Yihowaa duratti nan gombifame;+ akkanatti kanan gombifame, Yihowaan haxaaʼee akka isin balleessu waan dubbateef ture. 26 Akkana jedhees gara Yihowaatti wawwaannaa dhiheessuun jalqabe: ‘Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, saba kee irratti badiisa hin fidin. Isaan qabeenya dhuunfaa keetii,*+ warra ati guddina keetiin furtee fi harka jabaadhaan biyya Gibxii keessaa baaste dha.+ 27 Tajaajiltoota kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiin yaadadhu.+ Mata jabina, hamminaa fi cubbuu saba kanaatiif xiyyeeffannaa hin kennin.+ 28 Taʼuu baannaan garuu namoonni biyya ati keessaa nu baaste sanaa, “Yihowaan gara biyya isaaniif kennuuf kakatetti isaan galchuu hin dandeenye; inni waan isaan jibbeef lafa onaa keessatti isaan fixuuf asii isaan baase” jechuu dandaʼu.+ 29 Isaan saba kee fi qabeenya dhuunfaa keetii,*+ warra humna kee isa guddaa fi irree kee isa diriirfameen achii baaste dha.’+

10 “Yeroo sanatti Yihowaan akkana naan jedhe: ‘Gabateewwan dhagaa warra jalqabaa fakkaatan lama bociitii+ gaaricha irratti gara kootti ol baʼi; taabota* tokkos ofii keetiif muka irraa tolfadhu. 2 Anis gabateewwan kana irratti jechoota gabateewwan dhagaa warra jalqabaa warra ati caccabsite sana irra turan nan barreessa; atis taaboticha keessa isaan kaaʼi.’ 3 Kanaafuu, muka laaftoo irraa taabota tokko nan tolche; achiis gabateewwan dhagaa warra jalqabaa fakkaatan lama bocee gabateewwan lamaan sana harka kootti qabadhee gaarichatti ol nan baʼe.+ 4 Innis jechoota duraan barreesse,+ jechuunis Ajajawwan Kurnan*+ warra Yihowaan guyyaa yaaʼichaatti*+ gaaricha irratti ibidda keessaa isinitti dubbate sana+ gabateewwan kana irratti ni barreesse; achiis Yihowaan gabateewwan sana natti kenne. 5 Anis deebiʼee gaaricha irraa gad nan buʼe;+ achiis akkuma Yihowaan na ajajetti gabateewwan kana bakkuma amma jiran, jechuunis taabota ani tolche keessa nan kaaʼe.

6 “Achiis Israa’elonni Beʼeerot Benee Yaʼaaqaan irraa kaʼanii gara Moseraa dhaqan. Aaron achitti duʼee awwaalame;+ ilmi isaa Eleʼazaaris bakka isaa luba taʼee tajaajiluu jalqabe.+ 7 Achii kaʼaniis gara Gudgoodaatti qajeelan; Gudgoodaa irraa kaʼaniis gara Yotbaataa+ ishii lageen qabdutti qajeelan.

8 “Akkuma hamma harʼaatti gochaa jiranitti, taabota kakuu Yihowaa akka baataniif,+ isa tajaajiluuf Yihowaa dura akka dhaabbatanii fi maqaa isaatiin akka eebbisaniif+ yeroo sanatti Yihowaan gosa Leewwii adda ni baase.+ 9 Leewwiidhaaf obboloota isaa wajjin gaʼee yookin yookiin dhaalli kan hin kennamne kanaafi. Akkuma Waaqni kee Yihowaan isatti himetti, gaʼeen isaa Yihowaa dha.+ 10 Anis akkuman jalqaba godhetti guyyaa 40 fi halkan 40 gaaricha irra nan ture;+ Yihowaan yeroo sanattis na dhagaʼeera.+ Yihowaan si balleessuu hin barbaanne. 11 Achiis Yihowaan, ‘Isaan biyya ani isaaniif kennuuf abbootii isaaniitiif kakadhetti seenanii dhaalaan akka fudhataniif,+ sabicha dura buʼiitii deemuuf qophaaʼi’ naan jedhe.

12 “Yaa Israaʼel, Waaqni kee Yihowaan maal si irraa barbaada?+ Wanti inni si irraa barbaadu, Waaqa kee Yihowaa akka sodaattu,+ daandiiwwan isaa hundumaa irra akka deemtu,+ akka isa jaallattu, garaa kee guutuu fi lubbuu* kee guutuudhaan Waaqa kee Yihowaa akka tajaajiltu,+ 13 akkasumas ajajawwanii fi dambiiwwan Yihowaa warra ani faayidaa keetiif harʼa si ajaju kana akka eegdu qofa dha.+ 14 Kunoo, samiin, samiin samiiwwanii illee, laftii fi wanti ishii irra jiru hundis kan Waaqa kee Yihowaa ti.+ 15 Haa taʼu malee, Yihowaan kan itti dhihaatee fi jaalala isaa kan ibse abbootii keetti qofa dha; inni akkuma harʼa taʼetti saboota hundumaa keessaa isin warra sanyii isaanii taatan filateera.+ 16 Ammas garaa keessan qulqulleeffadhaa;+ mata jabeeyyii taʼuu keessanis dhiisaa.*+ 17 Sababiin isaas, Waaqni keessan Yihowaan Waaqa waaqolii,+ Gooftaa gooftotaa, Waaqa guddaa, jabaa fi sodaatamaa taʼe dha; inni eenyuuf iyyuu hin loogu,+ mattaʼaas hin fudhatu. 18 Inni mucaa abbaa* hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼeef haqaan ni murteessa;+ nama biyya ormaa ni jaallata;+ nyaataa fi uffatas isaaf ni kenna. 19 Biyya Gibxii keessatti namoota biyya ormaa waan turtaniif, isinis nama biyya ormaa jaallachuu qabdu.+

20 “Waaqa kee Yihowaa sodaadhu, isa tajaajili,+ isatti maxxani, maqaa isaatiinis kakadhu. 21 Isa jajadhu.+ Inni Waaqa kee isa wantoota guguddoo fi sodaachisoo ati ijuma keetiin argite kana hundumaa siif raawwate sana dha.+ 22 Abbootiin kee yeroo gara Gibxiitti gad buʼanitti namoota* 70 turan;+ amma garuu Waaqni kee Yihowaan akkuma urjiilee samiitti si baayʼiseera.+

11 “Waaqa kee Yihowaa jaalladhu;+ yeroo hundumaas dirqama inni si irraa eegu, dambiiwwan isaa, heerawwan isaa fi ajajawwan isaa eegi. 2 Ani harʼa dubbachaa kanan jiru isinitti malee, ilmaan keessan warra adaba Waaqa keessan Yihowaa, guddina isaa,+ harka isaa isa jabaa+ fi irree isaa isa diriirfame hin beekne yookiin hin arginetti akka hin taane isin ni beektu.+ 3 Isaan mallattoowwanii fi gochawwan inni biyya Gibxii keessatti Faraʼoon mootii Gibxii irrattii fi guutummaa biyya isaa irratti raawwate hin argine;+ 4 yookiin wanta inni raayyaawwan waraanaa Gibxii irratti, akkasumas fardeenii fi gaariiwwan waraanaa Faraʼoon warra yeroo isin ariʼaa turanitti bishaan Galaana Diimaatiin liqimfaman irratti raawwate hin argine; Yihowaanis siʼa tokkicha yeroo hundumaatiif* isaan ni balleesse.+ 5 Isaan hamma isin gara iddoo kanaa dhuftanitti wanta inni lafa onaa keessatti isiniif godhe hin argine; 6 yookiin guutummaan Israaʼel utuma arguu yommuu lafti banamtee isaaniin, maatiiwwan isaanii, dunkaanota isaanii fi uumamawwan jiraatoo isaan duukaa buʼan hundumaa liqimsitetti, wanta inni Daataanii fi Abiraam warra ilmaan Eeliyaab taʼan irratti godhe hin argine; Eeliyaab ilma Ruubeni.+ 7 Wantoota guguddoo Yihowaan raawwate hundumaa isin ijuma keessaniin argitaniittu.

8 “Isin jabaattanii ceetanii gara biyya dhaalaan fudhattanitti akka seentaniif, ajaja ani harʼa isiniif kennu hundumaa eegaa; 9 akkana yoo gootan, biyya Yihowaan abbootii keessanii fi sanyii isaaniitiif kennuuf kakate,+ jechuunis biyya aannanii fi damma maddisiistu+ keessatti bara dheeraa ni jiraattu.+

10 “Biyyi ati dhaalaan fudhachuuf jettu akka biyya Gibxii ishii keessaa baate, ishii akka iddoo biqiltuutti sanyii itti facaasaa fi jallisiidhaan miila* keetiin bishaan itti obaasaa turte sanaa miti. 11 Kanaa mannaa, biyyi isin ceetanii dhaaluuf jettan biyya gaarotaa fi sululawwanii* ti.+ Biyyattiin bishaan samii irraa roobu ni dhugdi;+ 12 ishiin biyya Waaqni kee Yihowaan kunuunsu dha. Jalqaba waggichaatii kaasee hamma dhuma waggichaatti ijji Waaqa kee Yihowaa yeroo hundumaa ishii irra jira.

13 “Isin ajajawwan koo warra ani harʼa isin ajaju dhimmitanii yoo eegdan, Waaqa keessan Yihowaa yoo jaallattan, garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaanis isa yoo tajaajiltan,+ 14 ani lafa keessaniif yeroo isaatti bokkaa, jechuunis bokkaa birraa fi bokkaa arfaasaa nan kenna; atis midhaan kee, wayinii kee isa haaraa fi zayitii kee walitti ni qabatta.+ 15 Horiiwwan keetiif dirree kee keessatti biqiltuu nan biqilcha; atis nyaattee ni quufta.+ 16 Garaan keessan isin gowwoomsee daandicha irraa akka gortan, waaqolii kan biroo akka waaqeffattanii fi isaaniif akka sagaddan akka isin hin goone of eeggadhaa.+ 17 Taʼuu baannaan, aariin Yihowaa isin irratti ni bobaʼa; innis bokkaan akka hin roobneef samii ni cufa;+ lafattiinis oomisha ishii hin kennitu; isinis daftanii biyya gaarii Yihowaan isiniif kennu irraa ni balleeffamtu.+

18 “Isinis dubbiiwwan koo kana garaa keessanittii fi lubbuu* keessanitti qabadhaa; harka keessan irrattis akka yaadannootti hidhadhaa; isaan adda keessan irratti* akka marata mataa haa taʼan.+ 19 Mana keessan keessa yommuu teessan, daandii irra yommuu deemtan, yommuu ciistanii fi yommuu kaatan waaʼee isaanii dubbachuudhaan ijoollee keessan barsiisaa.+ 20 Maqaaniiwwan mana keessanii fi karrawwan keessan irratti isaan barreessaa; 21 akkana yoo gootan, isinis taatan ilmaan keessan samiin lafaa ol jiraachuu isaa hamma itti fufetti biyya Yihowaan abbootii keessaniif kennuuf kakate+ keessatti bara dheeraa ni jiraattu.+

22 “Isin ajaja Waaqa keessan Yihowaa akka jaallattan,+ daandiiwwan isaa hundumaa irra akka deemtanii fi isatti akka maxxantan+ ani isiniif kennu kana dhimmitanii yoo eegdanii fi hojii irra yoo oolchitan, 23 Yihowaan saboota kana hundumaa isin duraa ni ariʼa;+ isinis saboota isin caalaa ciccimoo taʼanii fi uummata hedduu qaban biyyaa ni ariitu.+ 24 Iddoon miila keessaniin ejjettan hundi kan keessan ni taʼa.+ Lafa onaa sana irraa hamma Libaanonitti, Lagicha irraa, jechuunis laga Efraaxis irraa hamma galaana isa kallattii dhihaatiin argamuutti* daangaa keessan ni taʼa.+ 25 Namni tokko illee isin dura hin dhaabbatu.+ Akkuma isin abdachiisettis Waaqni keessan Yihowaan guutummaan biyya isin keessa deemtan sanaa isiniin kan kaʼe akka romʼuu fi akka sodaatu ni godha.+

26 “Kunoo, ani harʼa eebbaa fi abaarsa kana isin dura kaaʼeera:+ 27 ajajawwan Waaqa keessan Yihowaa isa ani harʼa isin ajaju yoo eegdan eebba argattu;+ 28 ajajawwan Waaqa keessan Yihowaa eeguu yoo diddan, daandii akka hordoftan ani harʼa isin ajaju kana irraa yoo gortanii fi waaqolii hin beekne duukaa yoo buutan garuu abaarsatu isin irra gaʼa.+

29 “Waaqni kee Yihowaan gara biyya dhaaltutti yommuu si galchu, eebbicha Gaara Geriizim irratti, abaarsicha immoo Gaara Eebaal irratti labsi.*+ 30 Gaaronni kun, Yordaanos gamatti kallattii dhihaatiin,* biyya Kanaʼaanota warra Arabaa keessa jiraatan keessatti, Gilgaal irraa gamatti, mukeetii guguddoo Mooree biratti argamu mitii?+ 31 Isin seentanii biyya Yihowaan isiniif kennu dhaalaan fudhachuuf Yordaanosiin ceʼuuf jettu.+ Yommuu dhaala gootanii ishii fudhattanii fi ishii keessa jiraattan, 32 dambiiwwanii fi heerawwan ani harʼa isin dura kaaʼu hundumaa of eeggannoodhaan raawwadhaa.+

12 “Yeroo biyya Waaqni abbootii keessanii Yihowaan akka dhaaltaniif isiniif kennu keessa jiraattan hundumaatti dambiiwwanii fi heerawwan isin of eeggannoodhaan raawwachuu qabdan kanneen kana dha. 2 Iddoowwan saboonni isin biyya isaanii keessaa ariitan sun waaqolii isaanii itti tajaajilaa turan, jechuunis iddoowwan gaarota ol kaʼoo irra yookiin tabbawwan irra yookiin mukeetii lalisoo jala jiran hundumaa guutummaatti balleessaa.+ 3 Iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa;+ utubaawwan waaqeffannaa* isaanii ibiddaan gubaa; fakkiiwwan waaqolii isaanii warra bocaman mummuraa;+ maqaa isaaniis guutummaatti iddoo sanaa balleessaa.+

4 “Isin karaa kanaan Waaqa keessan Yihowaa hin waaqeffatinaa.+ 5 Kanaa mannaa, gara bakka Waaqni keessan Yihowaan maqaa isaatiif, akkasumas iddoo jireenyaa isaa akka taʼuuf guutummaa gosoota keessanii gidduudhaa filatu sanaa dhaqaatii achitti isa waaqeffadhaa.+ 6 Aarsaawwan keessan warra gubaman,+ aarsaawwan keessan warra kaan, kurnoowwan keessan,*+ buusii harka keessan irraa kennitan,+ kennaawwan wareegaa keessan, kennaawwan keessan warra fedhiidhaan kennitan,+ akkasumas loonii fi bushaayee keessan keessaa warra jalqaba dhalatan achitti geessitu.+ 7 Waaqni keessan Yihowaan waan isin eebbiseef, isinis taatan maatiin keessan achitti Waaqa keessan Yihowaa duratti ni nyaattu;+ hojii keessan hundumaattis ni gammaddu.+

8 “Isin akkuma harʼa nuti gochaa jirru kanaa hin godhinaa; tokkoon tokkoon namaa wanta sirrii fakkaatee itti mulʼatu* gochaa jira; 9 sababiin isaas, isin amma iyyuu gara iddoo boqonnaa+ fi dhaala Waaqni keessan Yihowaan isiniif kennutti hin galle. 10 Isin Yordaanosiin ceetanii+ biyya Waaqni keessan Yihowaan akka dhaaltaniif isiniif kennu keessa yommuu jiraattan, inni dhugumaan diinota keessan warra naannoo keessanitti argaman hundumaa irraa boqonnaa isiniif ni kenna; isinis tasgabbiidhaan jiraattu.+ 11 Isinis wanta ani isin ajaju hundumaa, jechuunis aarsaawwan keessan warra gubaman, aarsaawwan keessan warra kaan, kurnoowwan keessan,+ buusii harka keessan irraa kennitanii fi kennaa wareegaa Yihowaadhaaf wareegdan hundumaa gara bakka Waaqni keessan Yihowaan maqaan isaa achi akka jiraatuuf filatutti ni fiddu.+ 12 Isinii fi ijoolleen dhiiraa keessan, ijoolleen durbaa keessan, garboonni keessan warri dhiiraa fi warri durbaa, akkasumas Leewwonni magaalota* keessan keessa jiraatan Waaqa keessan Yihowaa duratti ni gammaddu;+ sababiin isaas, Leewwotaaf isinii wajjin gaʼeen yookiin dhaalli hin kennamu.+ 13 Aarsaawwan kee warra gubaman bakkuma argite hundatti akka hin dhiheessine of eeggadhu.+ 14 Aarsaawwan kee warra gubaman naannoowwan gosa kee keessaa bakka Yihowaan filatutti qofa dhiheessi; wanta ani si ajaju hundumaas achitti raawwadhu.+

15 “Haa taʼu malee, yeroo dharraatu hundumaatti akkuma Waaqni kee Yihowaan magaalota* kee hundumaa keessatti si eebbisetti qalattee foon nyaachuu dandeessa.+ Akkuma borofa yookiin gadamsa nyaattutti, namni xuraaʼaanis taʼe namni qulqulluun isa nyaachuu ni dandaʼa. 16 Haa taʼu malee, matumaa dhiiga hin nyaatinaa;+ kanaa mannaa, akkuma bishaaniitti lafatti dhangalaasaa.+ 17 Kurnoo midhaan keetii, kurnoo daadhii wayinii kee isa haaraa, kurnoo zayitii keetii, loonii fi bushaayee kee keessaa warra jalqaba dhalatan,+ kennaawwan wareegaa kee warra wareegde kam iyyuu, kennaawwan kee warra fedhiidhaan dhiheessitu yookiin buusii harka kee irraa kennitu magaalota* kee keessatti akka nyaattu siif hin heyyamamu. 18 Atis taate ilmi kee, intalli tee, garbichi kee, garbittiin tee, akkasumas Leewwonni magaalota* kee keessa jiraatan bakka Waaqni kee Yihowaan filatutti Waaqa kee Yihowaa duratti wantoota kana ni nyaattu;+ atis wanta hojjettu hundumaatti Waaqa kee Yihowaa duratti ni gammadda. 19 Yeroo biyya kee keessa jiraattu hundumaatti Leewwota akka hin daganne of eeggadhu.+

20 “Waaqni kee Yihowaan akkuma waadaa siif galetti+ yommuu daangaa kee balʼisu atis*+ foon dharraatee, ‘Foon nyaachuun barbaada’ yoo jette, yeroo dharraatu hundumaatti foon nyaachuu dandeessa.+ 21 Bakki Waaqni kee Yihowaan maqaan isaa achi akka taʼuuf filate+ si irraa fagoo yoo taʼe, akkuman si ajajetti loon yookiin bushaayee kee warra Yihowaan siif kenne keessaa muraasa isaanii ni qalatta; yeroo foon dharraatu hundumaattis magaalota* kee keessatti ni nyaatta. 22 Akkuma borofa yookiin gadamsa nyaattutti isa nyaachuu dandeessa;+ namni xuraaʼaanis taʼe namni qulqulluun isa nyaachuu dandaʼa. 23 Haa taʼu malee, dhiigni lubbuu waan taʼeef+ dhiiga akka hin nyaanne murtoo cimaa godhi;+ lubbuu foonichaa wajjin nyaachuu hin qabdu. 24 Dhiiga nyaachuu hin qabdu. Akkuma bishaanii lafa irratti dhangalaasi.+ 25 Dhiiga nyaachuu hin qabdu; kana yoo ajajamte, wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe gochaa waan jirtuuf, sii fi ijoollee kee warra si booda dhufaniif gaarii ni taʼa. 26 Gara bakka Yihowaan filatutti yommuu dhuftu, wantoota qulqulluu kan kee taʼanii fi kennaawwan wareegaa kee qofa fidi. 27 Achittis aarsaawwan kee warra gubaman, foon sanaa fi dhiiga+ sana iddoo aarsaa isa kan Waaqa kee Yihowaa taʼe irratti ni dhiheessita; dhiigni aarsaawwan keetiis iddoo aarsaa Waaqa kee Yihowaa biratti haa dhangalaafamu;+ foon isaa garuu nyaachuu ni dandeessa.

28 “Wantoota ani si ajaju kana hundumaa of eeggannoodhaan eegi; kana yoo goote, wanta Waaqa kee Yihowaa duratti gaarii fi sirrii taʼe gochaa waan jirtuuf, yeroo hunda sii fi ijoollee kee warra si booda dhufaniif gaarii ni taʼa.

29 “Waaqni kee Yihowaan saboota ati biyya isaaniitii ariitu haxaaʼee yommuu balleessuttii+ fi atis biyya isaanii keessa yommuu jiraattutti, 30 isaan si duraa haxaaʼamanii erga balleeffamanii booda kiyyoo keessa akka hin galle of eeggadhu. ‘Saboonni kun waaqolii isaanii tajaajiluu barsiifata kan godhatan akkamitti? Anis akkanuma nan godha’ jettee waaʼee waaqolii isaanii hin gaafatin.+ 31 Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii illee waaqolii isaaniitiif ibiddaan gubuudhaan, wanta jibbisiisaa Yihowaan jibbu hundumaa waaqolii isaaniitiif ni godhu; ati garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf wanta akkanaa hin godhin.+ 32 Wantan isin ajaju hundumaa of eeggannoodhaan raawwadhaa.+ Itti hin dabalinaa, irraas hin hirʼisinaa.+

13 “Raajiin yookiin namni abjuudhaan waaʼee wanta gara fuulduraa ilaalu tokko si gidduudhaa kaʼee mallattoo yoo kenne yookiin raajii tokko yoo dubbate, 2 mallattoon yookiin raajiin inni sitti hime yoo raawwatame, innis, ‘Waaqolii kan biroo’ warra ati hin beekne, ‘duukaa buunee isaan haa tajaajillu’ yoo jedhe, 3 Waaqni keessan Yihowaan garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan Waaqa keessan Yihowaa jaallachuu fi dhiisuu keessan beekuuf+ isin qoraa waan jiruuf,+ wanta raajichi yookiin namni abjuu abjuʼatu sun dubbate hin dhagaʼinaa.+ 4 Waaqa keessan Yihowaa duukaa buʼaa, isa sodaadhaa, ajajawwan isaa eegaa, sagalee isaa dhagaʼaa, isa tajaajilaa, akkasumas cimsaatii isa qabadhaa.+ 5 Raajiin yookiin namni abjuu abjuʼatu sun garuu daandii Waaqni keessan Yihowaan akka irra deemtan isin ajaje irraa akka gortan gochuuf, Waaqa keessan Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa isin baasee fi mana garbummaa jalaa isin fure irratti akka finciltan waan isin jajjabeesseef haa ajjeefamu.+ Wanta hamaa taʼes of gidduudhaa balleessaa.+

6 “Obboleessi kee inni haadha tee irraa dhalate yookiin ilmi kee yookiin intalli tee yookiin haati manaa tee ishiin jallatamtuun yookiin michuun kee inni sitti dhihaatu,* ‘Dhaqnee waaqolii kan biroo haa tajaajillu’ jedhee dhoksaatti si sossobuuf yoo yaale,+ waaqoliin kun immoo atis taate abbootiin kee kan hin beekne yoo taʼan, 7 akkasumas waaqolii saboota naannoo keessanii warra isinitti dhihoos taʼe isin irraa fagoo jiranii, fiixee biyyattii isa tokkoo hamma fiixee biyyattii isa kaanitti argamanii yoo taʼan, 8 tole isaaf hin jedhin yookiin isa hin dhagaʼin;+ isaaf hin gaddin yookiin garaa isaaf hin laafin yookiin eegumsa isaaf hin godhin; 9 kanaa mannaa, mamii tokko malee isa ajjeesi.+ Isa ajjeesuuf jalqaba harki kee isa irratti haa kaʼu; sana booda immoo harki namoota hundumaa isa irratti haa kaʼu.+ 10 Inni Waaqa kee Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa si baase irraa si jalʼisuu waan barbaadeef ati dhagaadhaan tumii isa ajjeesi.+ 11 Achiis guutummaan Israaʼel kana dhagaʼee ni sodaata; isaanis sana booda wanta hamaa akkanaa matumaa isin gidduutti hin raawwatan.+

12 “Magaalota akka keessa jiraattuuf Waaqni kee Yihowaan siif kenne keessatti akkana yommuu jedhamu ni dhageessa taʼa: 13 ‘Namoonni gatii hin qabne namoota magaalaa isaanii keessa jiraatan karaa irraa jalʼisuuf, “Dhaqnee waaqolii kan biroo haa tajaajillu” jedhan si gidduudhaa baʼaniiru; waaqoliin sun immoo warra isin hin beekne dha;’ 14 atis qorannoo guddaa gochuu fi iyyaafachuudhaan dhimma sana qulqulleeffadhu;+ wanti jibbisiisaan kun si gidduutti dhugumaan raawwatamuun isaa yoo mirkanaaʼe, 15 jiraattota magaalaa sanaa mamii tokko malee goraadeedhaan rukutii ajjeesi.+ Horiiwwan ishii keessa jiran dabalatee magaalattiis taʼe wanta ishii keessatti argamu hundumaa guutummaatti goraadeedhaan balleessi.+ 16 Achiis wanta ishii keessaa boojiʼame hundumaa addabaabayii magaalattii gidduutti walitti qabi; magaalattiis ibiddaan gubi; wanti ishii keessaa boojiʼames aarsaa guutummaatti dhihaatu taʼee Waaqa kee Yihowaadhaaf ni dhihaata. Magaalattiin bara baraaf tuullaa diiggaa ni taati. Matumaas deebitee hin ijaaramtu. 17 Yihowaan akkuma abbootii keetiif kakatetti,+ aarii isaa isa bobaʼaa irraa akka deebiʼuuf, araaraa fi gara laafina akka sitti argisiisuuf, akkasumas akka si baayʼisuuf harki kee wanta badiisaaf adda baafame* tokko illee hin fudhatin.+ 18 Ati ajajawwan isaa warra ani harʼa si ajaju hundumaa eeguudhaan Waaqa kee Yihowaadhaaf ajajami;* akka kanaan, Waaqa kee Yihowaa duratti wanta gaarii taʼe ni goota.+

14 “Isin ijoollee Waaqa keessan Yihowaa ti. Nama duʼeef jettanii of hin mummurinaa+ yookiin nyaara keessan* hin haaddatinaa.+ 2 Ati Waaqa kee Yihowaadhaaf saba qulqulluu dha;+ Yihowaan saboota lafa irra jiran hundumaa keessaa saba isaa, isa isaaf qabeenya addaa* taʼe akka taatu si filateera.+

3 “Wanta jibbisiisaa taʼe akkamii iyyuu hin nyaatin.+ 4 Horiiwwan nyaachuu dandeessan kanneen kana dha:+ qotiyyoo, hoolaa, reʼee, 5 gadamsa, borofa, borofa akaakuu kan biraa, reʼee bosonaa, bosonuu, hoolaa bosonaa fi hoolaa gaaraa. 6 Horii kotteen isaa baqaqee lamatti hiramee fi alala guuru kam iyyuu nyaachuu ni dandeessu. 7 Haa taʼu malee, horiiwwan alala guuran yookiin kotteen isaanii baqaqe kana hin nyaatinaa: gaalli, illeettiinii fi osoleen alala kan guuran taʼus kotteen isaanii baqaqaa miti. Isaan isiniif xuraaʼoo dha.+ 8 Booyyeen kotteen isaa baqaqaa taʼus alala waan hin guurreef nyaatamuu hin qabu. Inni isiniif xuraaʼaa dha. Foon isaanii hin nyaatinaa yookiin raqa isaanii hin tuqinaa.

9 “Wanta bishaan keessa jiraatu kam iyyuu keessaa kanneen kana nyaachuu ni dandeessu: Wanta baallee fi qola qabu kam iyyuu nyaachuu ni dandeessu.+ 10 Wanta baallee fi qola hin qabne kam iyyuu garuu hin nyaatinaa. Kun isiniif xuraaʼaa dha.

11 “Simbirroo qulqulluu taʼe kam iyyuu nyaachuu ni dandeessu. 12 Haa taʼu malee, kanneen kana hin nyaatinaa: risaa, culullee qurxummii nyaatu, ruumicha gurraacha,+ 13 culullee diimtuu, culullee gurraattii, culullee gosa hundumaa, 14 arraagessa gosa hundumaa, 15 guchii, hurunguu, simbirroo bishaanii, coroffee gosa hundumaa, 16 hurunguu xinnoo, hurunguu gurra dheeratu, daakkiyyee guddoo, 17 allaattii bishaanii, ruumicha, haadha quufoo, 18 allaattii awwaannisaa, haadha gaayyee gosa hundumaa, simbira guttiyyaa qabduu fi simbira halkanii. 19 Akkasumas uumamni gareedhaan jiraatuu fi baallee qabu* kam iyyuu isiniif xuraaʼaa dha. Isaan nyaatamuu hin qaban. 20 Uumama barrisuu fi qulqulluu taʼe kam iyyuu nyaachuu ni dandeessu.

21 “Horii duʼee argame kam iyyuu hin nyaatinaa.+ Nama biyya ormaa magaalota* keessan keessatti argamuuf kennuu ni dandeessu; innis isa nyaachuu ni dandaʼa; yookiin nama biyya ormaatti gurguramuu ni dandaʼa. Sababiin isaas, ati Waaqa kee Yihowaadhaaf saba qulqulluu dha.

“Ilmoo reʼee aannan haadha isaatiin hin affeelin.+

22 “Ati midhaan maasii kee irraa waggaa waggaadhaan argattu hundumaa keessaa kudhan keessaa tokko* kennuu qabda.+ 23 Yeroo hundumaa Waaqa kee Yihowaa sodaachuu akka barattuufis,+ midhaan kee, daadhii wayinii kee isa haaraa fi zayitii kee keessaa harka kudhan keessaa harka tokko, akkasumas loonii fi bushaayee kee keessaa isa dura dhalate, Waaqa kee Yihowaa duratti bakka maqaan isaa achi akka jiraatuuf filate keessatti ni nyaatta.+

24 “Haa taʼu malee, karichi si irraa baayʼee fagoo yoo taʼe, si irraa fagoo taʼuu isaatiin kan kaʼes wanta kana gara bakka Waaqni kee Yihowaan maqaan isaa achi akka taʼuuf filatetti geessuu hin dandeessu yoo taʼe+ (Waaqni kee Yihowaan waan si eebbisuuf), 25 wanta sana gurgurtee maallaqa isaa harkatti qabattee gara bakka Waaqni kee Yihowaan filatuu deemuu dandeessa. 26 Maallaqa sanaanis wanta barbaadde* akkamii iyyuu, jechuunis loon, hoolota, reʼoota, daadhii wayinii fi dhugaatii alkoolii kan biraa, akkasumas wanta barbaadde* kam iyyuu bitachuu dandeessa; atis maatii kee wajjin achitti Waaqa kee Yihowaa duratti ni nyaatta, ni gammaddas.+ 27 Isaaniif sii wajjin gaʼeen yookiin dhaalli waan hin kennamneef,+ Leewwota magaalota kee keessa jiran hin dagatin.+

28 “Yeroo hundumaa dhuma waggaa sadaffaatti oomisha waggaa sanaa hundumaa keessaa harka kudhan keessaa harka tokko fidiitii magaalota kee keessatti walitti qabi.+ 29 Waaqni kee Yihowaan wanta gootu hundumaa irratti akka si eebbisuuf,+ Leewwonni warri sii wajjin gaʼee n yookiin dhaalli isaaniif hin kennamne, namni biyya ormaa, daaʼimni abbaa hin qabnee* fi dubartiin abbaan manaa irraa duʼe warri magaalota kee keessa jiran dhufanii hamma quufanitti ni nyaatu.+

15 “Yeroo hundumaa dhuma waggaa torbaffaatti liqii nama irraa qabdu isaaf dhiisi.+ 2 Akkaataan liqii nama irraa qaban itti isaaf dhiisan kana fakkaata: Namni liqii nama irraa qabu kam iyyuu liqii nama liqeeffate sana irraa qabu isaaf ni dhiisa. Kun yeroo ulfina Yihowaatiif liqiin akka dhiifamu itti labsamu waan taʼuuf, namni nama tokko irraa yookiin obboleessa isaa irraa liqii qabu akka isaaf deebisu gaafachuu hin qabu.+ 3 Liqii nama biyya ormaa irraa qabdu gaafachuu ni dandeessa;+ haa taʼu malee, wanta obboleessi kee si irraa liqeeffate kam iyyuu isaaf dhiisuu qabda. 4 Yihowaan biyya Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennu keessatti dhugumaan waan si eebbisuuf,+ si gidduudhaa eenyu iyyuu hiyyeessa taʼuu hin qabu; 5 kun kan taʼu garuu, ati sagalee Waaqa kee Yihowaatiif sirriitti yoo ajajamtee fi ajaja ani harʼa siif kennu kana hundumaa of eeggannoodhaan yoo eegde qofa dha.+ 6 Waaqni kee Yihowaan akkuma waadaa siif galetti waan si eebbisuuf, ati saboota hedduudhaaf liqeessita* malee, hin liqeeffattu;+ saboota hedduu irratti ol aantummaa qabaatta malee, isaan si irratti ol aantummaa hin qabaatan.+

7 “Magaalota kee warra biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennutti argaman keessaa isa tokko keessatti obboloota kee keessaa inni tokko si gidduutti hiyyeessa yoo taʼe, obboleessa kee isa hiyyeessa taʼe sanatti garaa hin jabaatin yookiin harka kee isaaf diriirsuu irraa duubatti hin jedhin.+ 8 Kanaa mannaa, arjummaadhaan harka kee isaaf bani;+ hamma dandaʼametti wanta isa barbaachisu yookiin wanta isatti hirʼate isaaf liqeessi.* 9 ‘Waggaan torbaffaan, waggaan liqiin itti dhiifamu dhihaateera’ jettee yaada hamaa kana garaa keetti qabachuudhaan,+ obboleessa kee isa hiyyeessa taʼeef arjummaa argisiisuu fi waa isaaf kennuu irraa duubatti akka hin jenne of eeggadhu. Inni sitti mufatee gara Yihowaatti yoo iyyate cubbuu sitti taʼa.+ 10 Waaqni kee Yihowaan hojii kee fi wanta raawwattu hundumaatti kan si eebbisu sababa kanaan waan taʼeef,+ ati arjummaadhaan isaaf kenni+ malee, garaa duuba isaaf hin kennin. 11 Sababiin isaas, hiyyeeyyiin yeroo hundumaa biyyattii keessa ni jiraatu.+ ‘Obboleessa kee isa rakkataa fi isa hiyyeessa biyya kee keessatti argamuuf arjummaadhaan harka kee bani’ jedhee kanan si ajaju kanaafi.+

12 “Obboloota kee keessaa dhiirri yookiin dubartiin Ibroota taʼan sitti gurguramanii waggaa jaʼaaf yoo si tajaajilan, waggaa torbaffaatti bilisa isaan baasuu qabda.+ 13 Bilisa yoo isa baastes harka isaa duwwaa isa hin ergin. 14 Bushaayee kee keessaa, oobdii kee irraa, akkasumas bakka cuunfaa zayitii fi daadhii wayinii kee irraa arjummaadhaan isaaf kenni. Akkuma Waaqni kee Yihowaan si eebbisetti isaaf kenni. 15 Atis biyya Gibxii keessatti garbicha akka turtee fi Waaqni kee Yihowaan akka si fure yaadadhu. Kana akka gootu harʼa kanan si ajaju kanaafi.

16 “Inni siinis taʼe maatii kee waan jaallateef, sii wajjin jiraachuu isaattis waan gammadeef, ‘Ani si irraa adda hin baʼu!’ yoo siin jedhe garuu,+ 17 mutaa fudhadhuutii balbala irratti gurra isaa uri; innis umurii isaa guutuu garbicha kee ni taʼa. Garbittii tee irrattis akkanuma godhi. 18 Buʼaan tajaajilli inni waggaa jaʼaaf siif kenne argamsiisu isa namni mindeeffamee hojjetu argamsiisu irra dachaa lama waan taʼuuf, yommuu bilisa isa baastee si biraa deemu sitti hin ulfaatin; Waaqni kee Yihowaanis wanta raawwatame hundumaatti si eebbiseera.

19 “Loonii fi bushaayee kee keessaa kormaa jalqaba dhalate hundumaa Waaqa kee Yihowaadhaaf qulqulleessi.+ Loon* kee keessaa isa jalqaba dhalateen hojii akkamii iyyuu hin hojjetin; bushaayee kee keessaa isa jalqaba dhalates rifeensa isaa hin murin. 20 Atii fi maatiin kee waggaa waggaadhaan bakka Yihowaan filatutti Waaqa kee Yihowaa duratti isa nyaadhaa.+ 21 Haa taʼu malee, horiin sun mudaa yoo qabaate, jechuunis yoo naafate, yoo jaame yookiin mudaa guddaa kan biraa akkamii iyyuu yoo qabaate Waaqa kee Yihowaadhaaf aarsaa gootee dhiheessuu hin qabdu.+ 22 Magaalota* kee keessatti isa nyaadhu; akkuma borofa yookiin gadamsa nyaattanitti namni xuraaʼaanis taʼe namni qulqulluun isa nyaachuu ni dandaʼa.+ 23 Haa taʼu malee, matumaa dhiiga isaa hin nyaatin;+ kanaa mannaa, akkuma bishaanii lafatti dhangalaasi.+

16 “Waaqni kee Yihowaan halkan keessa biyya Gibxii keessaa kan si baase jiʼa Abiibitti* waan taʼeef,+ jiʼa Abiib yaadadhu; Waaqa kee Yihowaadhaafis Faasikaa kabaji.+ 2 Bakka Yihowaan maqaan isaa achi akka jiraatu filatutti+ bushaayee fi loon kee keessaa+ Waaqa kee Yihowaadhaaf aarsaa Faasikaa dhiheessi.+ 3 Wanta raacitii qabu akkamii iyyuu isaa wajjin hin nyaatin;+ ati biyya Gibxii keessaa kan baate ariitiidhaan waan taʼeef,+ guyyaa torbaaf maxinoo, jechuunis maxinoo rakkinaa nyaadhu. Guyyaa biyya Gibxii keessaa itti baate akka yaadattuuf bara jireenyaa kee hundumaatti akkana godhi.+ 4 Bukoon raacitii qabu naannoo kee hundumaatti guyyaa torbaaf argamuu hin qabu;+ aarsaa guyyaa jalqabaa galgala dhiheessitu irraas foon akkamii iyyuu buluu hin qabu.+ 5 Magaalota Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessaa bakkuma filattetti aarsaa Faasikaa akka dhiheessitu siif hin heyyamamu. 6 Kanaa mannaa, bakka Waaqni kee Yihowaan maqaan isaa achi akka jiraatu filatutti dhihaachuu qaba. Guyyuma* biyya Gibxii keessaa itti baatetti, galgala akkuma aduun lixxeen aarsaa Faasikaa dhiheessuu qabda.+ 7 Isas bakka Waaqni kee Yihowaan filatutti+ bilcheessii nyaadhu;+ yommuu bariʼus gara dunkaana keetti deebiʼuu dandeessa. 8 Guyyaa jaʼaaf maxinoo nyaadhu; guyyaa torbaffaatti Waaqa kee Yihowaadhaaf walgaʼii qulqulluun ni taʼa. Hojiis hin hojjetin.+

9 “Torban torba lakkaaʼi. Guyyaa yeroo jalqabaatiif haamtuudhaan midhaan haamuu jalqabde irraa kaasiitii torban torba lakkaaʼi.+ 10 Achiis akkuma Waaqni kee Yihowaan si eebbisetti, kennaa fedhiidhaan dhihaatu isa harka kee irraa kennituun+ Waaqa kee Yihowaadhaaf Ayyaana Torbeewwanii ni kabajja.+ 11 Bakka Waaqni kee Yihowaan maqaan isaa akka achi jiraatu filatuttis ati, ilmi kee, intalli tee, garbichi kee, garbittiin tee, Leewwonni magaalota* kee keessa jiran, namni biyya ormaa, daaʼimni abbaa hin qabnee* fi dubartiin abbaan manaa irraa duʼe, warri si gidduutti argaman Waaqa kee Yihowaa duratti ni gammaddu.+ 12 Atis biyya Gibxii keessatti garbicha akka turte yaadadhu;+ dambiiwwan kana eegi, hojii irras oolchi.

13 “Oobdii kee, akkasumas bakka zayitii fi wayinii kee itti cuunfitu irraa oomisha kee yommuu galfattu guyyaa torbaaf Ayyaana Daasii* kabaji.+ 14 Ati, ilmi kee, intalli tee, garbichi kee, garbittiin tee, Leewwonni, namni biyya ormaa, daaʼimni abbaa hin qabnee fi dubartiin abbaan manaa irraa duʼe, warri magaalota kee keessa jiran yeroo ayyaanaa kee kanatti gammadaa.+ 15 Waaqni kee Yihowaan oomisha kee hundumaa fi wanta gootu hundumaa waan eebbisuuf,+ bakka Yihowaan filatutti guyyaa torba Waaqa kee Yihowaadhaaf ayyaana ni kabajja;+ atis baayʼee ni gammadda.+

16 “Dhiironni kee hundi bakka inni filatutti waggaatti siʼa sadii jechuunis, Ayyaana Maxinoo irratti,+ Ayyaana Torbeewwanii irrattii+ fi Ayyaana Daasii*+ irratti Waaqa kee Yihowaa duratti haa dhihaatan; isaan keessaa eenyu iyyuu harka duwwaa Yihowaa duratti hin dhihaatin. 17 Kennaan tokkoon tokkoon namaa fidu eebba Waaqni kee Yihowaan siif kennee wajjin kan wal gitu haa taʼu.+

18 “Magaalota* Waaqni kee Yihowaan siif kennu hundumaa keessatti tokkoon tokkoon gosaatiif abbootii murtii+ fi geggeessitoota muudi; isaanis sabichaaf murtii qajeelaa kennuu qabu. 19 Haqa hin jalʼisin,+ hin loogin+ yookiin mattaʼaa hin fudhatin; sababiin isaas, mattaʼaan ija ogeessaa ni jaamsa,+ dubbii nama qajeelaas ni jalʼisa. 20 Biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessa jiraachuu kee akka itti fuftuuf, isa akka dhaaltuufis haqa, eeyyee, haqa hordofi.+

21 “Iddoo aarsaa isa Waaqa kee Yihowaadhaaf ijaartu biratti muka gosa akkamii iyyuu utubaa waaqeffannaa* gootee hin dhaabin.+

22 “Siidaa waaqeffannaa isa Waaqni kee Yihowaan jibbus ofii keetiif hin dhaabin.+

17 “Qotiyyoo yookiin hoolaa mudaa yookiin rakkina akkamii iyyuu qabu Waaqa kee Yihowaadhaaf aarsaa gootee hin dhiheessin; sababiin isaas kun Waaqa kee Yihowaa duratti jibbisiisaa dha.+

2 “Dhiiras taʼe dubartii namni magaalota kee warra Waaqni kee Yihowaan siif kennu kam iyyuu keessatti si gidduu jiraatu tokko wanta Waaqa kee Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwata yookiin kakuu isaa ni cabsa taʼa;+ 3 akkasumas karaa irraa goree waaqolii kan biroo ni waaqeffata, isaaniif yookiin aduudhaaf yookiin addeessaaf yookiin raayyaa samii hundumaatiif sagaduudhaan+ wanta ani hin ajajne ni raawwata taʼa.+ 4 Dhimmi kun yoo sitti himame yookiin waaʼee isaa yoo dhageesse, dhimmicha akka gaariitti qoradhu. Wanti jibbisiisaan kun Israaʼel keessatti raawwatamuun isaa yoo mirkanaaʼe,+ 5 dhiiras taʼe dubartii nama wanta hamaa kana raawwate gara karra magaalattiitti fidi; namni sunis dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu.+ 6 Namni duʼuu qabu tokko ragaa* namoonni lama yookiin namoonni sadii dhiheessaniin+ haa ajjeefamu. Namni kun ragaa namni tokko dhiheessuun ajjeefamuu hin qabu.+ 7 Isa ajjeesuuf jalqaba ragoonni dhagaadhaan isa haa tuman; sana booda immoo namoonni hundi dhagaadhaan isa haa tuman. Wanta hamaa taʼe of gidduudhaa balleessi.+

8 “Magaalota kee keessaa isa tokko keessatti dhimmi murtii itti kennuuf baayʼee sitti ulfaatu tokko yoo kaʼe, dhimmichis dhiiga dhangalaasuu+ yookiin dhimma seeraa wajjin wal qabate yookiin hammina raawwatame yookiin dhimma falmisiisaa kan biraa yoo taʼe, kaʼiitii gara bakka Waaqni kee Yihowaan filatuu dhaqi.+ 9 Leewwota luboota taʼanii fi abbaa murtii+ yeroo sanatti tajaajilu bira dhaqiitii isaan gaafadhu; isaanis murtoo isaa sitti ni himu.+ 10 Achiis murtoo isaan bakka Yihowaan filatu irraa sitti himan sana raawwadhu. Qajeelfama isaan siif kennan hundumaa of eeggannoodhaan raawwadhu. 11 Seera isaan sitti argisiisanii fi murtoo isaan sitti himan raawwadhu.+ Murtoo isaan sitti himan irraa gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin jalʼatin.+ 12 Namni luba Waaqa kee Yihowaa tajaajilaa jiru yookiin abbaa murtii dhagaʼuu didee gocha of tuulummaa raawwatu haa ajjeefamu.+ Wanta hamaa taʼe Israaʼel keessaa balleessi.+ 13 Namoonni hundis kana dhagaʼanii ni sodaatu; sana boodas gocha of tuulummaa hin raawwatan.+

14 “Ati gara biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennutti galtee dhaalaan fudhachuudhaan ishii keessa jiraachuu erga jalqabdee booda, ‘Akkuma saboota naannoo kootti argaman hundumaa anis of irratti mootii nan muuda’ yoo jette,+ 15 yeroo kanatti mootii Waaqni kee Yihowaan filatu muuduu qabda.+ Mootii kan muuddu obboloota kee gidduudhaa taʼuu qaba. Nama biyya ormaa obboleessa kee hin taane akka of irratti muuddu siif hin heyyamamu. 16 Haa taʼu malee, mootichi ofii isaatiif fardeen hedduu walitti qabachuu+ yookiin fardeen dabalataa argachuuf sabichi gara biyya Gibxiitti akka deebiʼu gochuu hin qabu;+ sababiin isaas Yihowaan, ‘Isin matumaa lammata karaa kana irra deebiʼuu hin qabdan’ jedheera. 17 Kana malees, garaan isaa karaa irraa akka hin jalʼanneef, haadhotii manaa hedduu fuudhuu hin qabu;+ meetii fi warqii hedduus walitti qabachuu hin qabu.+ 18 Teessoo mootummaa isaa irra yommuu taaʼutti, garagalchii Seerichaa isa Leewwota luboota taʼan irraa fudhatame+ kana ofii isaatiif kitaaba* irratti haa garagalfatu.

19 “Innis isa bira haa taaʼu; Waaqa isaa Yihowaa sodaachuu akka baratuuf, akkasumas dubbii Seeraa fi dambiiwwan kana hundumaa raawwachuudhaan akka isaan eeguuf+ bara jireenyaa isaa hundumaatti isa irraa haa dubbisu.+ 20 Akkana yoo godhe garaan isaa obboloota isaa irratti hin boonu; ajaja sana irraas gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin goru; kun immoo, innis taʼe ilmaan isaa Israaʼel gidduutti mootummaa isaa irratti yeroo dheeraa akka turan ni godha.

18 “Leewwonni luboota taʼanii fi guutummaan gosa Leewwii Israaʼelotaa wajjin gaʼeen yookiin dhaalli isaaniif hin kennamne. Isaan aarsaawwan Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatan warra dhaala isaa taʼan ni nyaatu.+ 2 Kanaafuu, isaan obboloota isaanii gidduutti dhaala qabaachuu hin qaban. Akkuma inni isaaniin jedhetti dhaalli isaanii Yihowaa dha.

3 “Luboonni sabicha irraa wantoota kana argachuuf mirga qabu: Namni qotiyyoo yookiin hoolaa aarsaa godhee dhiheessu kam iyyuu, harka isaa, mangaagaa isaa fi miʼawwan garaa isaa lubichaaf ni kenna. 4 Midhaan kee isa jalqabaa, daadhii wayinii kee isa haaraa, zayitii kee fi rifeensa bushaayee kee irraa jalqaba murame isaaf kenni.+ 5 Waaqni kee Yihowaan gosoota kee hundumaa keessaa yeroo hundumaa maqaa Yihowaatiin akka tajaajilaniif isaa fi ilmaan isaa filateera.+

6 “Haa taʼu malee, Leewwota keessaa tokko magaalota kee warra Israaʼel keessatti argamanii+ fi keessa jiraachaa ture keessaa baʼee gara bakka Yihowaan filatu*+ tokkoo dhaquu yoo barbaade,* 7 inni akkuma Leewwota warra obboloota isaa taʼanii fi Yihowaa dura dhaabbatan kaaniitti maqaa Waaqa isaa Yihowaatiin achitti tajaajiluu ni dandaʼa.+ 8 Inni wanta dhaala abbootii isaa gurguruudhaan argateen alatti, nyaata gaʼee isaanii wajjin qixxee taʼe ni argata.+

9 “Ati gara biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennutti yommuu seentu, gochawwan jibbisiisoo saboonni sun raawwatan hordofuu hin baratin.+ 10 Namni ilma isaa yookiin intala isaa ibiddaan gubu,*+ namni hooda dubbatu,+ namni falfala raawwatu,+ namni milkii ilaalu,+ 11 namni nama dawweessu, namni eker dubbistuu+ yookiin raagduu gaafatu+ yookiin namni warra duʼan gaafatu si gidduutti hin argamin.+ 12 Sababiin isaas, namni wantoota kana raawwatu kam iyyuu Yihowaa duratti jibbisiisaa dha; Waaqni kee Yihowaan si duraa isaan ariʼaa kan jirus gochawwan jibbisiisoo kanaan kan kaʼe dha. 13 Ati Waaqa kee Yihowaa duratti balleessaa kan hin qabne taʼi.+

14 “Saboonni ati biyya isaaniitii ariitu warra falfala raawwatanii+ fi hooda dubbatan+ ni dhagaʼu turan; ati garuu wanta akkanaa akkamii iyyuu akka raawwattu Waaqni kee Yihowaan siif hin heyyamne. 15 Waaqni kee Yihowaan obboloota kee gidduudhaa raajii akka kootii siif ni kaasa. Isinis isa dhagaʼuu qabdu.+ 16 Kunis kan taʼu akkuma guyyaa yaaʼichaatti* Horeeb irratti,+ ‘Ani akkan hin duuneef, kana booda sagalee Waaqa koo Yihowaa akkan dhagaʼu yookiin ibidda guddaa kana akkan argu hin godhin’+ jechuudhaan Waaqa kee Yihowaa gaafattetti dha. 17 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: ‘Wanti isaan jedhan gaarii dha. 18 Ani obboloota isaanii gidduudhaa raajii akka keetii isaaniif nan kaasa;+ dubbii koo afaan isaa keessa nan kaaʼa;+ innis wantan isa ajaju hundumaa isaanitti ni hima.+ 19 Ani dhugumaan nama dubbii koo isa inni maqaa kootiin dubbatu hin dhageenye nan adaba.+

20 “‘Raajiin kam iyyuu of tuulummaadhaan kakaʼee wanta ani akka dubbatu isa hin ajajne yoo dubbate yookiin maqaa waaqolii kan birootiin yoo dubbate, raajiin sun haa ajjeefamu.+ 21 Haa taʼu malee ati garaa keetti, “Wanta kana Yihowaan akka hin dubbanne akkamitti beekna?” jettee yaadda taʼa. 22 Raajiin sun maqaa Yihowaatiin dubbatee, wanti inni dubbate sun utuu hin raawwatamin yoo hafe yookiin soba yoo taʼe, wanta sana kan dubbate Yihowaa miti jechuu dha. Raajichumatu of tuulummaadhaan kakaʼee dubbate. Ati isa hin sodaatin.’

19 “Waaqni kee Yihowaan saboota biyya isaanii Waaqni kee Yihowaan siif kennu sana yommuu balleessuu fi atis biyya isaaniitii isaan ariitee magaalota isaanii fi manneen isaanii keessa yommuu jiraattu,+ 2 biyya kee isa Waaqni kee Yihowaan akka dhaaltu siif kennu gidduutti magaalota sadii adda baasi.+ 3 Atis naannoo biyya Waaqni kee Yihowaan akka dhaaltu siif kenne sanaa bakka sadiitti hiri; namni nama ajjeese kam iyyuu magaalota sana keessaa ishii tokkotti baqachuu akka dandaʼuuf daandii tolchi.

4 “Nama nama ajjeesee lubbuu isaa oolfachuuf achitti baqatu ilaalchisee wanti godhamuu qabu kana dha: Namni sun utuu itti hin yaadin nama rukutee yoo ajjeese, innis duraan nama sanaaf jibba hin qabu yoo taʼe,+ 5 fakkeenyaaf, namichi nama sanaa wajjin qoraan funaanuuf gara bosonaa seenee qottoodhaan muka muruuf harka isaa yommuu kaasutti, sibiilli qottoo sun muka isaa irraa buqqaʼee nama sana rukutee yoo ajjeese, namni nama ajjeese sun lubbuu isaa oolfachuuf magaalota kana keessaa gara isa tokkootti haa baqatu.+ 6 Taʼuu baannaan, magaalattiin baayʼee fagoo taʼuu ishiitiin kan kaʼe, namni haaloo baʼu+ sun baayʼee aaree* namicha nama ajjeese sana ariʼee bira gaʼuudhaan isa ajjeesuu dandaʼa. Haa taʼu malee, namichi duraan nama sanaaf jibba waan hin qabneef ajjeefamuu hin qabu.+ 7 ‘Magaalota sadii adda baasi’ jedhee kanan si ajaje kanaafi.

8 “Waaqni kee Yihowaan akkuma abbootii keetiif kakatetti daangaa kee yommuu balʼisuu+ fi biyya abbootii keetiif kennuuf waadaa gale hundumaa yommuu siif kennu,+ 9 ajajawwan Waaqa kee Yihowaa akka jaallattuu fi yeroo hundumaa daandiiwwan isaa irra akka deemtu harʼa ani siif kenne kana hundumaa amanamummaadhaan eegi;+ magaalota sadan kana irrattis magaalota kan biraa sadii dabali.+ 10 Kana yoo goote, biyya Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennu keessatti dhiigni qulqulluun hin dhangalaʼu;+ atis dhiiga namaatiif itti hin gaafatamtu.+

11 “Haa taʼu malee, namni tokko nama kan biraa jibbee+ riphee eeggachuudhaan akka malee rukutee yoo isa* madeesse, namni sunis yoo duʼe, innis magaalota kana keessaa gara isa tokkootti yoo baqate, 12 jaarsoliin magaalaa isaa achii isa fichisiisanii nama haaloo baʼutti dabarsanii isa haa kennan; innis haa ajjeefamu.+ 13 Ati* isaaf hin gaddin; gaarii akka siif taʼuufis yakka dhiiga qulqulluu dhangalaasuudhaan dhufu Israaʼel keessaa balleessi.+

14 “Biyya Waaqni kee Yihowaan akka dhaaltu siif kennu keessatti dhaala kee yommuu fudhattu, mallattoo daangaa nama kan biraa isa abbootiin kee kaaʼan iddoo isaatii hin siqsin.+

15 “Balleessaa yookiin cubbuu namni tokko raawwate kamiif iyyuu ragaa namni tokko dhiheessuun itti murteeffamuu* hin qabu.+ Dhimmi tokko ragaa* namoonni lama yookiin sadii dhiheessaniin haa mirkaneeffamu.+ 16 Namni tokko hamminaan nama kan biraa irratti ragaa yoo dhiheesse, yakka akka raawwate godhees yoo isa himate,+ 17 namoonni falmii qaban lamaan Yihowaa dura, akkasumas lubootaa fi abbootii murtii yeroo sanatti tajaajilaa jiran dura ni dhaabbatu.+ 18 Abbootiin murtiis dhimma sana gad fageenyaan ni qoratu;+ namni sun sobaan ragaa kan dhiheessee fi sobaan obboleessa isaa kan himate yoo taʼe, 19 wantuma inni obboleessa isaa irratti hamminaan raawwachuuf yaade isa irratti raawwadhu;+ wanta hamaas of gidduudhaa balleessi.+ 20 Warri hafanis kana dhagaʼanii ni sodaatu; isaan sana booda wanta hamaa akkanaa matumaa si gidduutti hin raawwatan.+ 21 Ati* isaaf hin gaddin;+ bakka lubbuu lubbuun, bakka ijaa ijji, bakka ilkaanii ilkaan, bakka harkaa harki, bakka miilaa miilli haa kaffalamu.+

20 “Diinota kee loluuf gara waraanaa dhaqxee fardeen isaanii, gaariiwwan fardaa isaanii fi loltoota isaanii warra kan kee irra lakkoofsaan baayʼee caalan yommuu argitu isaaniin kan kaʼe hin sodaatin; sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan inni biyya Gibxii keessaa si baase sii wajjin jira.+ 2 Yommuu gara waraanaatti baʼuuf jettan, lubichi dhihaatee sabichatti haa dubbatu.+ 3 Akkana isaaniin haa jedhu: ‘Yaa Israaʼel dhagaʼi, amma isin diinota keessan waraanuuf jettu. Hin naʼinaa. Isaaniin kan kaʼe hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa yookiin hin hollatinaa; 4 sababiin isaas, Waaqni keessan Yihowaan diinota keessan isiniif loluu fi isin oolchuuf isinii wajjin ni baʼa.’+

5 “Geggeessitoonnis sabichaan akkana haa jedhan: ‘Namni mana haaraa ijaaree hin eebbisiisne jiraa? Gara mana isaatti haa deebiʼu. Taʼuu baannaan, inni waraana irratti duʼee namni kan biraan mana isaa eebbisiisuu dandaʼa. 6 Namni muka wayinii dhaabee firii isaa galfachuu hin jalqabne jiraa? Gara mana isaatti haa deebiʼu. Taʼuu baannaan, inni waraana irratti duʼee namni kan biraan firii wayinii isaa galfachuu dandaʼa. 7 Namni durba kaadhimatee ishii hin fuune jiraa? Gara mana isaatti haa deebiʼu.+ Taʼuu baannaan, inni waraana irratti duʼee namni kan biraan ishii fuudhuu dandaʼa.’ 8 Akkasumas geggeessitoonni akkana jedhanii sabicha haa gaafatan: ‘Namni sodaatee fi naʼe jiraa?+ Garaan obboloota isaas akkuma kan isaa akka sodaatu* akka hin gooneef,+ gara mana isaatti haa deebiʼu.’ 9 Geggeessitoonni wanta kana sabichatti dubbatanii yommuu xumuran, ajajjoota raayyaa waraanaa sabicha geggeessan haa muudan.

10 “Magaalaa tokko waraanuuf yommuu gara ishiitti dhihaattu, dhaamsa nagaa ishiidhaaf labsi.+ 11 Magaalattiin deebii nagaa yoo siif kennitee fi karra ishii yoo siif bante, namoonni achitti argaman hundi warra hojii dirqamaa siif hojjetan ni taʼu; si tajaajilus.+ 12 Haa taʼu malee, ishiin sii wajjin nagaa uumuu diddee si waraanuuf yoo kaate ishiitti marsi; 13 Waaqni kee Yihowaanis dhugumaan harka keetti dabarsee ishii ni kenna; atis dhiira ishii keessatti argamu hundumaa goraadeedhaan rukuti. 14 Taʼus, wanta magaalattii keessaa boojite hundumaa, jechuunis dubartoota, daaʼimman, horii qeʼee fi wanta ishii keessatti argamu hundumaa saamtee fudhachuu ni dandeessa;+ wanta diinota kee irraa boojitee fi Waaqni kee Yihowaan siif kennes ni nyaatta.+

15 “Magaalota si irraa baayʼee fagaatanii jiran hundumaa irratti akkana goota; magaalota saboota sitti dhihoo jiranii irratti garuu akkana hin gootu. 16 Magaalota saboota kanaa warra Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennu keessatti garuu, wanti hafuura baafatu tokko illee akka oolu hin godhin.+ 17 Kanaa mannaa, akkuma Waaqni kee Yihowaan si ajajetti isaaniin, jechuunis Heetota, Amoorota, Kanaʼaanota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota guutummaatti balleessi;+ 18 kunis, isaan wantoota jibbisiisoo waaqolii isaaniitiif godhan hundumaa akka isin hin barsiisnee fi Waaqa keessan Yihowaa irratti cubbuu akka hojjettan akka isin hin gooneefi.+

19 “Magaalaa tokko qabachuuf yoo ishiitti marsitee fi guyyoota hedduudhaaf yoo ishii lolte, mukeetii ishii qottoodhaan murtee hin balleessin. Firii isaanii nyaachuu kan dandeessu taʼus, isaan muruu hin qabdu.+ Sababiin isaas, akka nama balleessitutti muka balleessuu hin qabdu. 20 Muka nyaataaf akka hin taane beektu qofa balleessuu dandeessa. Muka kana murtee magaalaan si lolaa jirtu hamma kuftutti ishiitti marsitee dallaa ijaaruu ni dandeessa.

21 “Biyya Waaqni kee Yihowaan akka dhaaltu siif kennu keessatti namni tokko dirree keessatti duʼee yoo argamee fi namni isa ajjeese yoo beekamuu baate, 2 jaarsoliinii fi abbootiin murtii+ kee baʼanii reeffa sana irraa jalqabee hamma magaalota naannoo sanaatti argamaniitti hammam akka fagaatu haa safaran. 3 Achiis jaarsoliin magaalaa reeffa sanatti dhihaatu keessa jiraatan loon keessaa goromsa matumaa hojiin itti hojjetamee fi waanjoon* irratti feʼamee hin beekne tokko haa fudhatan; 4 goromsa sanas gara sulula* bishaan yaaʼu qabuu fi qotamee yookiin sanyiin itti facaafamee hin beekne tokkootti haa geessan; sana booda achuma sululicha keessatti morma goromsa sanaa haa cabsan.+

5 “Achiis Leewwonni warri luboota taʼan haa dhihaatan; sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan akka isa tajaajilanii fi maqaa Yihowaatiin akka eebbisan+ isaan filateera.+ Isaan humnaan nama irratti kaʼuu dabalatee falmiin akkamii iyyuu akkamitti furmaata argachuu akka qabu ni murteessu.+ 6 Achiis jaarsoliin magaalaa reeffa sanatti dhihoo jirtu keessa jiraatan hundi goromsa mormi ishii sulula keessatti cabe sana irratti harka isaanii dhiqatanii,+ 7 akkana haa jedhan: ‘Harki keenya dhiiga kana hin dhangalaasne; ijji keenyas dhiigni kun yommuu dhangalaʼu hin argine. 8 Yaa Yihowaa, sabni kee Israaʼel inni ati furte+ wanta kanaaf akka itti gaafatamu hin godhin; yakki dhiiga qulqulluu dhangalaasuudhaan dhufes saba kee Israaʼel gidduu akka taʼu hin godhin.’+ Sana booda isaan dhiiga sanaaf itti hin gaafataman. 9 Akka kanaan wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe raawwachuudhaan yakka dhiiga qulqulluu dhangalaasuudhaan dhufu of gidduudhaa ni balleessita.

10 “Diinota kee waraanuuf yoo baatee fi Waaqni kee Yihowaan isaaniin siif moʼee, atis yoo isaan boojite,+ 11 warra boojiʼaman sana keessaa dubartii bareedduu takka argitee yoo ishii jaallattee fi ishii fuudhuu yoo barbaadde, 12 gara mana keetti ishii fudhachuu ni dandeessa. Ishiinis mataa ishii haaddattee, qeensa ishii qorattee, 13 uffata yeroo boojiʼamtetti uffatte of irraa baastee mana kee keessa haa jiraattu. Ishiin jiʼa tokko guutuu abbaa ishii fi haadha ishiitiif ni boossi;+ sana booda ati ishii wajjin saalqunnamtii raawwachuu dandeessa; ati abbaa manaa ishii taata, ishiinis haadha manaa tee taati. 14 Yoo ishiitti gammaduu baatte garuu, bakka barbaadde* akka dhaqxu heyyamuufii qabda.+ Garuu waan ishii salphisteef, maallaqaan ishii gurguruu yookiin ishii cunqursuu hin qabdu.

15 “Namni tokko haadhotii manaa lama kan qabu yoo taʼee fi ishii tokko ishii kan biraa caalaa kan jaallatu* yoo taʼe, lamaan isaanii iyyuu ijoollee dhiiraa yoo isaaf daʼan, ilmi angafaas kan ishii hin jaallatamne sanaa yoo taʼe,+ 16 guyyaa dhaala isaa ilmaan isaatiif kennutti, mirga angafummaa sana ilma angafaa dubartii hin jaallatamne sanaa irraa fuudhee, ilma dubartii jaallatamtu sanaaf akka kennu isaaf hin heyyamamu. 17 Ilmi dubartii hin jaallatamne sanaa firii jalqaba jabina isaa waan taʼeef, wanta qabu hundumaa keessaa dachaa lama isaaf kennuudhaan akka ilma angafaatti isa ilaaluu qaba. Mirgi angafummaa kan isaa ti.+

18 “Namni tokko ilma mata jabeessaa fi didaa taʼe yoo qabaate, innis abbaa isaatiif yookiin haadha isaatiif kan hin ajajamne yoo taʼe,+ isa sirreessuuf yaalii kan godhan taʼus isaan dhagaʼuu yoo dide,+ 19 abbaan isaa fi haati isaa qabanii gara jaarsolii karra magaalaa isaa duratti argamaniitti isa haa dhiheessan; 20 jaarsolii magaalaa isaatiinis, ‘Ilmi keenya kun mata jabeessaa fi didaa dha; nuufis hin ajajamu. Inni albaadhessaa*+ fi machooftuu+ dha’ haa jedhan. 21 Achiis namoonni magaalaa isaa hundi dhagaadhaan tumanii isa haa ajjeesan. Akka kanaan wanta hamaa taʼe of gidduudhaa balleessi; guutummaan Israaʼelis kana dhagaʼee ni sodaata.+

22 “Namni tokko cubbuu duʼa itti murteessisu raawwatee yoo ajjeefame,+ atis muka irratti yoo isa fanniste,+ 23 reeffi isaa halkan guutuu muka irra turuu hin qabu.+ Kanaa mannaa, guyyuma sanatti isa awwaali; namni fannifamu Waaqayyo biratti akka waan abaaramaatti waan ilaalamuuf,+ biyya kee isa Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennu hin xureessin.+

22 “Qotiyyoon yookiin hoolaan obboleessa keetii badee utuu deemuu yoo argite, taʼe jettee callistee bira hin darbin.+ Gara obboleessa keetti isa deebisuu qabda. 2 Haa taʼu malee, obboleessi kee kan jiraatu si irraa fagoo yoo taʼe yookiin isa hin beektu yoo taʼe, horii sana gara mana keetti geessi; hamma obboleessi kee isa barbaacha dhufuttis si bira haa turu. Achiis horii sana isaaf deebisi.+ 3 Harree isaa, uffata isaa fi wanta obboleessa kee jalaa badee argite kam iyyuu akkanuma godhi. Callistee bira hin darbin.

4 “Harreen yookiin qotiyyoon obboleessa keetii karaa irratti kufee yoo argite, taʼe jettee callistee bira hin darbin. Horii sana kaasuuf isa gargaaruu qabda.+

5 “Dubartiin uffata dhiiraa hin uffatin; dhiirris uffata dubartii hin uffatin. Namni akkana godhu kam iyyuu Waaqa kee Yihowaa duratti jibbisiisaa dha.

6 “Karaa qarqaratti manʼee simbiraa muka yookiin lafa irra jiruu fi simbirri tokko cuucii yookiin hanqaaquu ishii wajjin keessa jirtu yoo argite, simbirri sunis cuucii ishii yookiin hanqaaquu ishii irra teesseetti yoo taʼe, haadhoo sana cuucii ishii wajjin hin fudhatin.+ 7 Haadhoo sana gadhiisi; cuucii ishii garuu fudhachuu dandeessa. Gaarii akka siif taʼuu fi bara dheeraa akka jiraattuuf akkana godhi.

8 “Mana haaraa yommuu ijaartu, namni tokko achi irraa kufee manni kee dhiigaan akka itti gaafatamu akka hin gooneef, baaxii+ kee irratti ittisa tolchi.

9 “Maasii wayinii kee irratti sanyii gosa lama hin facaasin.+ Taʼuu baannaan garuu, oomishni sanyii facaaste irraa argamu hundii fi oomishni maasii wayinii sana irraa argamu hundi iddoo qulqulluutiif kan kennamu ni taʼa.

10 “Qotiyyoo fi harree walitti camaddee ittiin hin qotin.+

11 “Uffata rifeensa hoolaa fi quncee talbaa irraa walitti dhaʼamee tolfame hin uffatin.+

12 “Andaara arfan uffata keetii irratti foʼaa tolfadhu.+

13 “Dhiirri tokko haadha manaa fuudhee ishii wajjin saalqunnamtii erga raawwatee booda yoo ishii jibbe,* 14 addaggee akka taatetti ishii himatee, ‘Dubartii tana fuudheen ture; yommuun ishii wajjin saalqunnamtii raawwadhetti garuu ragaa durba taʼuu ishii argisiisu hin arganne’ jedhee maqaa ishii yoo balleesse, 15 abbaanii fi haati intalattii ragaa durbummaa ishii argisiisu gara jaarsolii karra magaalattii bira jiraniitti haa fidan. 16 Achiis abbaan intalattii jaarsolii sanaan akkana haa jedhu: ‘Ani intala tiyya namicha kanatti heerumsiiseen ture; inni garuu ishii jibbee,* 17 “Ani ragaa intalli tee durba taʼuu ishii argisiisu hin arganne” jechuudhaan addaggee akka taatetti ishii himachaa jira. Ragaan intalli tiyya durba taʼuu ishii argisiisu kunoo ti.’ Sana booda isaan uffaticha jaarsolii magaalattii duratti ni diriirsu. 18 Jaarsoliin magaalattiis+ namicha fuudhanii ni adabu.+ 19 Namichi maqaa durba Israaʼel waan balleesseef,+ isaan meetii sheeqilii* 100 isa adabanii abbaa intalattiitiif ni kennu; ishiinis haadha manaa isaa taatee itti fufti. Umurii isaa guutuus akka ishii hiiku isaaf hin heyyamamu.

20 “Haa taʼu malee, himanni kun dhugaa yoo taʼee fi ragaan intalattiin durba taʼuu ishii argisiisu yoo dhabame, 21 ishiin mana abbaa ishii keessa utuu jirtuu ejja raawwachuudhaan+ Israaʼel keessatti gocha salphinaa waan raawwatteef,+ intala sana gara balbala mana abbaa ishiitti haa baasan; namoonni magaalaa ishiis dhagaadhaan tumanii ishii haa ajjeesan. Akka kanaan wanta hamaa taʼe of gidduudhaa balleessi.+

22 “Namni tokko haadha manaa nama kan biraa wajjin utuu ciisuu yoo argame, namichi dubartii sanaa wajjin ciisee fi dubartiin sun lamaan isaanii iyyuu haa ajjeefaman.+ Akka kanaan wanta hamaa taʼe Israaʼel keessaa balleessi.

23 “Namni tokko durba nama kan biraatiif kaadhimatamte takka magaalaa keessatti argatee ishii wajjin yoo ciise, 24 intalli sun magaalattii keessatti waan hin iyyineef, namichis haadha manaa nama kan biraa waan salphiseef, lamaan isaanii iyyuu gara karra magaalattiitti baasaatii dhagaadhaan tumaa isaan ajjeesaa.+ Akka kanaan wanta hamaa taʼe of gidduudhaa balleessi.

25 “Haa taʼu malee, namichi durba kaadhimatamte sana kan argate dirree keessatti yoo taʼee fi humnaan ishii caaluudhaan ishii wajjin yoo ciise, namichi ishii wajjin ciise sun qofti haa ajjeefamu; 26 intala sana homaa hin godhin. Intalli sun cubbuu duʼaan adabsiisu hin raawwanne. Kun wanta yeroo namni tokko nama kan biraa rukutee ajjeesutti raawwatamuu wajjin tokko dha.+ 27 Sababiin isaas, namichi kan ishii argate dirree keessatti dha; intalli kaadhimatamte sun kan iyyite taʼus, namni ishii oolchu hin turre.

28 “Namni tokko durba hin kaadhimatamne takka argatee ishii qabachuudhaan wajjin yoo ciise, boodas yoo isaan irratti beekame,+ 29 namichi ishii wajjin ciise sun meetii sheeqilii 50 abbaa intalattiitiif haa kennu; ishiinis haadha manaa isaa ni taati.+ Waan ishii salphiseef, umurii isaa guutuu akka ishii hiiku isaaf hin heyyamamu.

30 “Eenyu iyyuu haadha manaa abbaa isaa hin fuudhin; namni akkana godhu abbaa isaa ni salphisa.*+

23 “Namni cidhaan isaa tumamee kolaafame yookiin namni qaamni saalaa isaa irraa murame kam iyyuu gara gumii Yihowaatti hin seenin.+

2 “Ilmi diqaalaan gara gumii Yihowaatti hin seenin.+ Hamma dhaloota kurnaffaatti illee sanyii isaa keessaa eenyu iyyuu gara gumii Yihowaatti hin seenin.

3 “Namni biyya Amoon yookiin namni biyya Moʼaab gara gumii Yihowaatti hin seenin.+ Hamma dhaloota kurnaffaatti illee sanyii isaanii keessaa eenyu iyyuu matumaa gara gumii Yihowaatti hin seenin. 4 sababiin isaas, isaan yommuu isin biyya Gibxii keessaa baatanii deemaa turtanitti nyaataa fi bishaan isiniif kennuudhaan isin hin gargaarre;+ akkasumas Bala’aam ilmi Be’or inni nama biyya Phetoor ishii Mesophotaamiyaa taʼe akka si abaaru sitti bitaniiru.+ 5 Waaqni kee Yihowaan garuu Balaʼaamiin hin dhageenye.+ Kanaa mannaa, Waaqni kee Yihowaan waan si jaallateef,+ Waaqni kee Yihowaan abaarsicha gara eebbaatti siif jijjiire.+ 6 Atis bara jireenyaa kee hundumaatti matumaa nageenya yookiin badhaadhina isaaniif hin hawwin.+

7 “Inni obboleessa kee waan taʼeef nama biyya Edoom hin jibbin.+

“Ati biyya isaa keessatti nama biyya ormaa waan turteef, nama biyya Gibxii hin jibbin.+ 8 Ijoollee isaaniif dhalatan keessaa dhaloonni sadaffaan gara gumii Yihowaatti seenuu ni dandaʼu.

9 “Yommuu diinota keetti marsitutti, wanta hamaa* taʼe akkamii iyyuu of irraa fageessi.+ 10 Dhiirri tokko halkan keessa dhangalaʼaa qaama isaa keessaa yaaʼuun yoo xuraaʼe,+ inni buufaticha keessaa gad haa baʼu; deebiʼees gara buufatichaatti hin seenin. 11 Yommuu galgalaaʼus bishaaniin haa dhiqatu; achiis yommuu aduun lixxu gara buufatichaatti deebiʼuu dandaʼa.+ 12 Buufatichaa alatti iddoo booliitiif bakki tokko adda haa baafamu; atis achi dhaqi. 13 Meeshaawwan kee wajjinis wanta qara qabu qabadhu. Yommuu gad taaʼuuf baatus boolla ittiin qotiitii bobbaa keetti biyyoo deebisi. 14 Sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan si oolchuu fi diinota kee harka keetti dabarsee kennuuf buufata kee keessa ni deddeebiʼa;+ kanaafuu, inni wanta qaanessaa taʼe akkamii iyyuu si keessatti akka hin arginee fi si biraa akka hin deebineef buufanni kee qulqulluu haa taʼu.+

15 “Garbicha gooftaa isaa jalaa baqatee gara kee dhufe tokko gooftaa isaatti dabarsitee hin kennin. 16 Inni magaalota kee keessaa si gidduutti bakkuma filate tokko jiraachuu ni dandaʼa. Isa hin cunqursin.+

17 “Ijoollee durbaa Israaʼelotaa keessaa ishiin tam iyyuu sagaagaltuu mana qulqullummaa hin taʼin;+ ijoollee dhiiraa Israaʼelotaa keessaas kam iyyuu sagaagaltuu mana qulqullummaa hin taʼin.+ 18 Gatii dubartii sagaagaltuu taateef kaffalamu yookiin gatii* dhiira sagaagaltuu* taʼeef kaffalamu wareega raawwachuuf gara mana Waaqa kee Yihowaatti hin fidin; sababiin isaas, lamaan isaanii iyyuu Waaqa kee Yihowaa duratti jibbisiisoo dha.

19 “Obboleessa keetiif maallaqa, nyaata yookiin wanta kan biraa yommuu liqeessitu, dhala isa hin kaffalchiisin.+ 20 Nama biyya ormaa dhala kaffalchiisuu ni dandeessa;+ haa taʼu malee, Waaqni kee Yihowaan biyya dhaalaan fudhachuuf jettu keessatti hojii kee hundumaa irratti akka si eebbisuuf+ obboleessa kee dhala hin kaffalchiisin.+

21 “Waaqa kee Yihowaadhaaf wareega yoo wareegde,+ wareega sana raawwachuuf suuta hin jedhin.+ Sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan dhugumaan wareega sana si irraa ni barbaada; kana gochuu baannaan garuu cubbuu sitti taʼa.+ 22 Haa taʼu malee, wareega wareeguu irraa yoo of qusatte, cubbuudhaan itti hin gaafatamtu.+ 23 Wanta afaan keetiin dubbatte eeguu qabda;+ wareega Waaqa kee Yihowaadhaaf akka aarsaa fedhiidhaan dhihaatuutti afaanuma keetiin wareegdes raawwachuu qabda.+

24 “Gara maasii wayinii nama tokkootti yoo seente, hamma quuftutti firii wayinii nyaachuu dandeessa; taʼus, korojoo keetti naqachuu hin qabdu.+

25 “Gara maasii midhaanii nama tokkootti yoo seente, midhaan gaʼe sana harka keetiin cirachuu dandeessa; taʼus, midhaan nama sanaa haamtuudhaan haamuu hin qabdu.+

24 “Namni tokko haadha manaa fuudhee wanta qaanessaa ishii irratti arguu isaatiin kan kaʼe yoo ishiitti gammaduu baate, waraqaa ragaa ishii hiikuu isaa argisiisu barreessee ishiidhaaf erga kennee booda+ mana isaatii ishii haa baasu.+ 2 Ishiinis mana isaatii erga baatee booda deemtee nama kan biraatti heerumuu ni dandeessi.+ 3 Abbaan manaa ishii inni lammaffaanis ishii jibbee,* waraqaa ragaa ishii hiikuu isaa argisiisu barreessee ishiidhaaf erga kennee booda mana isaatii yoo ishii baase yookiin namni lammaffaan ishii fuudhe kun yoo duʼe, 4 abbaan manaa ishii inni jalqabaa inni mana isaatii ishii baase sun erga ishiin xurooftee booda deebisee akka ishii fuudhu isaaf hin heyyamamu; sababiin isaas, kun wanta Yihowaa duratti jibbisiisaa taʼe dha. Gara biyya Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennutti cubbuu hin fidin.

5 “Namni tokko reefuu kan fuudhe yoo taʼe, raayyaa waraanaa keessa galee tajaajiluu hin qabu; hojiin kan biraan akkamii iyyuus isaaf kennamuu hin qabu. Waggaa tokkoof hojii irraa bilisa taʼee mana isaa taaʼuudhaan haadha manaa isaa haa gammachiisu.+

6 “Eenyu iyyuu dhagaa daakuu yookiin majii isaa liqiidhaaf qabsiisa godhee hin fudhatin;+ sababiin isaas, akkana gochuun wanta namni tokko ittiin jiraatu* qabsiisa godhanii fudhachuu dha.

7 “Namni tokko Israaʼelota obboloota isaa taʼan keessaa nama* tokko humnaan qabee fudhachuudhaan yommuu cunqursuu fi yommuu gurguru yoo argame,+ namichi humnaan qabee isa fudhate sun haa ajjeefamu.+ Wanta hamaa taʼe of gidduudhaa balleessi.+

8 “Dhukkubni nadaayii* yommuu kaʼu, wanta luboonni Leewwota taʼan isin ajajan hundumaa of eeggannoodhaan raawwadhaa.+ Wantuma ani isaan ajaje of eeggannoodhaan raawwadhaa. 9 Wanta Waaqni kee Yihowaan yommuu biyya Gibxii keessaa baatanii deemaa turtanitti karaa irratti Miiriyaam irratti godhe yaadadhaa.+

10 “Nama tokkoof wanta akkamii iyyuu yoo liqeessite,+ wanta inni qabsiisa godhee siif kennu isa irraa fudhachuuf gara mana isaatti hin seenin. 11 Ati ala dhaabbadhu; namichi si irraa liqeeffate sunis wanta qabsiisa godhee kennu alatti siif haa fidu. 12 Namichi rakkataa yoo taʼe, wanta inni qabsiisa godhee siif kenne sana of bira hin bulchin.+ 13 Wanta inni qabsiisa godhee siif kenne sana akkuma aduun lixxeen isaaf deebisuu qabda; innis uffata isaa uffatee ni rafa,+ si eebbisas; kunis Waaqa kee Yihowaa duratti akka qajeelummaatti siif lakkaaʼama.

14 “Obboloota kee keessaa tokkos taʼe nama biyya ormaa biyya keetti magaalota* kee keessa jiraatu, nama rakkataa fi hiyyeessa mindeeffamee hojjetu hin gowwoomsin.+ 15 Inni rakkataa waan taʼeef, akkasumas jireenyi* isaa mindaa isaa irratti kan hundaaʼe waan taʼeef, mindaa isaa guyyuma sanatti utuu aduun hin lixin isaaf kenni.+ Taʼuu baannaan inni sitti mufatee gara Yihowaatti ni iyyata; atis cubbuudhaan itti gaafatamta.+

16 “Wanta ijoolleen godhaniif abbootiin ajjeefamuu hin qaban; wanta abbootiin godhaniifis ijoolleen ajjeefamuu hin qaban.+ Namni tokko cubbuu ofii isaatiif qofa ajjeefamuu qaba.+

17 “Murtii nama biyya ormaa yookiin mucaa abbaa hin qabnee* hin jalʼisin;+ uffata dubartii abbaan manaa irraa duʼee liqiidhaaf qabsiisa gootee hin fudhatin.+ 18 Atis biyya Gibxii keessatti garbicha akka turtee fi Waaqni kee Yihowaan achii akka si fure yaadadhu.+ Kana akka gootu kanan si ajaju kanaafi.

19 “Maasii kee irraa midhaan kee yommuu haammattu, maasicha keessatti bissii* tokko yoo irraanfatte isa fudhachuuf hin deebiʼin. Waaqni kee Yihowaan wanta gootu hundumaa irratti akka si eebbisuuf,+ bissiin sun nama biyya ormaatiif, mucaa abbaa hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼeef dhiifamuu qaba.+

20 “Firii muka ejersaa kee irra jiru yommuu harcaafattu, irra deddeebitee damee isaa irraa hin hurgufin. Wanti achi irratti hafe nama biyya ormaatiif, mucaa abbaa hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼeef haa taʼu.+

21 “Maasii wayinii kee irraa firii wayinii yommuu sassaabbattu, isa hafe funaanuuf hin deebiʼin. Nama biyya ormaatiif, mucaa abbaa hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼeef isa dhiisi. 22 Atis biyya Gibxii keessatti garbicha akka turte yaadadhu. Kana akka gootu kanan si ajaju kanaafi.

25 “Namoota lama gidduutti yommuu falmiin kaʼu, isaan abbootii murtii duratti haa dhihaatan;+ abbootiin murtiis isaaniif murtii ni kennu; nama isa qajeelaa qulqulluu, nama isa hamaa immoo yakkamaa akka taʼe ni beeksisu.+ 2 Inni hamaan garafamuu qaba yoo taʼe,+ abbaan murtii sun namichi akka ciisu godha; achiis namni sun isa duratti ni garafama. Hammi inni garafamus hammina inni raawwatee wajjin kan wal gitu taʼuu qaba. 3 Namni isa garafu sun hamma siʼa 40tti isa garafuu ni dandaʼa;+ garuu kana caalaa taʼuu hin qabu. Inni kana irra darbee isa garafuu isaa yoo itti fufe, obboleessi kee si duratti ni salphata.

4 “Qotiyyoo midhaan siribsiisu afaan isaa hin hidhin.+

5 “Obboloonni lama waliin kan jiraatan yoo taʼee fi isaan keessaa inni tokko ilma utuu hin dhalchin yoo duʼe, haati manaa namicha duʼe sanaa nama maatii sana irraa ala taʼetti heerumuu hin qabdu. Waarsaan ishii gara ishii dhaqee ishii haa fuudhu; wanta waarsaa irraa eegamus haa raawwatu.+ 6 Maqaan namichaa Israaʼel keessaa akka hin badneef,+ ilmi angafaa ishiin deessu maqaa obboleessa isaa isa duʼeen waamama.+

7 “Namichis haadha manaa obboleessa isaa fuudhuu hin barbaadu yoo taʼe, haati manaa obboleessa isaa gara jaarsolii karra magaalattii bira jiran sanaa dhaqxee, ‘Obboleessi abbaa manaa kootii maqaan obboleessa isaa Israaʼel keessa akka turu gochuu dideera. Inni wanta waarsaa irraa eegamu raawwachuuf tole jechuu dideera’ haa jettu. 8 Jaarsoliin magaalaa isaas waamanii isa haa haasofsiisan. Innis yaada isaa jijjiiruu didee, ‘Ani ishii fuudhuu hin barbaadu’ yoo jedhe, 9 yeroo kanatti haati manaa obboleessa isaa jaarsolii duratti isatti dhihaattee kophee isaa miila isaa irraa baastee+ fuula isaatti erga tuftee booda, ‘Nama mana obboleessa isaa hin ijaarre irratti akkana godhamuu qaba’ haa jettu. 10 Sana booda Israaʼel keessatti maqaan maatii sanaa,* ‘Mana namicha kopheen isaa irraa baafame sanaa’ jedhamee beekama.

11 “Namoonni lama yoo wal lolanii fi haati manaa isa tokkoo nama isa rukutaa jiru irraa abbaa manaa ishii oolchuuf gidduu seenuudhaan hiixattee qaama saalaa isaa yoo qabde, 12 harka ishii muri. Ati* ishiidhaaf hin gaddin.

13 “Dhagoota madaallii guddaa fi xiqqaa taʼan garaa garaa lama korojoo kee keessaa hin qabaatin.+ 14 Miʼawwan safaraa guddaa fi xiqqaa taʼan garaa garaa lama* mana kee keessaa hin qabaatin.+ 15 Biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessatti umurii dheeraa akka jiraattuuf, yeroo hundumaa dhagaa safaraa sirrii taʼee fi safartuu sirrii taʼe qabaadhu.+ 16 Sababiin isaas, namni jalʼaan wantoota akkanaa raawwatu kam iyyuu Waaqa kee Yihowaa duratti jibbisiisaa dha.+

17 “Yeroo biyya Gibxii keessaa baatanii deemaa turtanitti wanta Amaaleq karaa irratti si irratti raawwate,+ 18 yeroo ati dadhabdee fi bututtee turtetti karaa irratti si argatee warra si duuba tirachaa turan hundumaa akkamitti akka rukute yaadadhu. Inni Waaqayyoon hin sodaanne. 19 Biyya Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennu keessatti yommuu Waaqni kee Yihowaan diinota kee warra naannoo keetti argaman hundumaa irraa boqonnaa siif kennu,+ inni matumaa samii jalaa akka hin yaadatamnetti Amaaleqiin haxaaʼii balleessi.+ Kana hin irraanfatin.

26 “Yeroo booda gara biyya Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennutti yommuu seentuu fi ishii dhaaltee achi keessa yommuu jiraattu, 2 oomisha* lafa biyya kee isa Waaqni kee Yihowaan siif kennu irraa walitti qabattu hundumaa keessaa firiiwwan jalqabaa muraasa fuudhii guubootti naqiitii gara bakka Waaqni kee Yihowaan maqaan isaa achi akka jiraatu filatu sanaa dhaqi.+ 3 Gara luba isa yeroo sanatti tajaajilaa jiruu dhaqiitii, ‘Ani harʼa gara biyya Yihowaan nuu kennuuf abbootii keenyaaf kakatetti dhufuu koo Waaqa kee Yihowaatti nan beeksisa’ isaan jedhi.+

4 “Achiis lubichi guuboo sana si harkaa fuudhee iddoo aarsaa isa kan Waaqa kee Yihowaa taʼe dura kaaʼa. 5 Sana booda ati Waaqa kee Yihowaa duratti akkana jetta: ‘Abbaan koo nama biyya Aaraam+ asii fi achi jooru* ture; inni gara Gibxiitti gad buʼee+ nama biyya ormaa taʼee achi jiraate; maatiin isaas muraasa turan.+ Haa taʼu malee, inni achitti saba guddaa humna qabeessaa fi hedduu ni taʼe.+ 6 Warri Gibxiis nu dhiphisan, nu cunqursan, akkasumas garbummaa jala galchanii hojii cimaa nu hojjechiisan.+ 7 Kanaafuu, nuti gara Yihowaa isa Waaqa abbootii keenya taʼetti iyyachuu jalqabne; Yihowaanis sagalee keenya ni dhagaʼe; dhiphina keenya, rakkina keenyaa fi cunqurfamuu keenyas ni arge.+ 8 Dhuma irrattis Yihowaan harka jabaadhaan, irree diriifameen,+ gochawwan sodaachisoo taʼaniin, mallattoowwaniin, akkasumas dinqiiwwaniin biyya Gibxii keessaa nu baase.+ 9 Achiis gara biyya kanaatti nu fidee, biyya aannanii fi damma maddisiistu kana nuuf kenne.+ 10 Kunoo, amma oomisha lafa Yihowaan naaf kenne irraa argadhe keessaa firiiwwan jalqabaa fideera.’+

“Atis Waaqa kee Yihowaa dura isa kaaʼi; Waaqa kee Yihowaa durattis sagadi. 11 Achiis ati Leewwichaa fi nama biyya ormaa si gidduu jiruu wajjin wanta gaarii Waaqni kee Yihowaan sii fi maatii keetiif kenne hundumaatti ni gammadda.+

12 “Waggaa sadaffaatti, yommuu kurnoo oomisha keetii walitti qabattee xumurtutti,+ kurnoo kana Leewwichaaf, nama biyya ormaatiif, mucaa abbaa hin qabneef,* akkasumas dubartii abbaan manaa irraa duʼeef ni kennita; isaanis magaalota* kee keessatti hamma quufanitti nyaatu.+ 13 Achiis Waaqa kee Yihowaa duratti akkana jetta: ‘Akkuma ati na ajajjetti, gaʼee qulqulluu taʼe hundumaa mana koo keessaa baasee, Leewwichaaf, nama biyya ormaatiif, mucaa abbaa hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼeef+ kenneera. Ani ajajawwan kee hin cabsine yookiin hin tuffanne. 14 Yeroo gaddaatti isa irraa hin nyaanne yookiin yeroon xuraaʼee jirutti isa irraa homaa hin fudhanne yookiin isa irraa waan tokko illee nama duʼeef jedhee hin kennine. Yaa Waaqa koo Yihowaa, ani sagalee keetiif ajajameera; wanta ati na ajajje hundumaas raawwadheera. 15 Ammas samii isa bakka jireenyaa kee isa qulqulluu taʼe irraa gad ilaali; akkuma abbootii keenyaaf kakattettis+ saba kee Israaʼelii fi biyya nuu kennite+ ishii aannanii fi damma maddisiistu+ kana eebbisi.’

16 “Harʼa Waaqni kee Yihowaan dambiiwwanii fi heerawwan kana akka raawwattu si ajajeera. Atis garaa kee guutuu+ fi lubbuu* kee guutuudhaan isaan eegi, akkasumas isaan raawwadhu. 17 Daandiiwwan isaa irra yoo deemte, dambiiwwan+ isaa, ajajawwan+ isaa fi heerawwan+ isaa yoo eegde, akkasumas sagalee isaa yoo dhageesse Yihowaan Waaqa kee akka taʼe harʼa si beeksiseera. 18 Akkuma inni waadaa siif galetti ati saba isaa, jechuunis isaaf qabeenya addaa*+ akka taatuu fi ajajawwan isaa hundumaa akka eegdu harʼa Yihowaa beeksisteetta. 19 Akkuma inni waadaa siif galetti ati Waaqa kee Yihowaadhaaf saba qulqulluu+ taʼuu kee yoo argisiiste, inni ulfina, beekamtii fi kabaja siif kennuudhaan saboota inni uume kaan hundumaa irra akka ol si qabu dubbateera.”+

27 Achiis Museen jaarsolii Israaʼelii wajjin taʼuudhaan akkana jedhee sabicha ajaje: “Ajaja ani harʼa siif kennu kana hundumaa eegi. 2 Guyyaa Yordaanosiin ceetee gara biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennutti itti seentutti dhagoota guguddaa dhaabiitii maragi.*+ 3 Akkuma Waaqni abbootii keetii Yihowaan waadaa siif galetti, ati gara biyya aannanii fi damma maddisiistu+ ishii Waaqni kee Yihowaan siif kennutti akka seentuuf, yommuu achitti ceetutti dubbii Seera kanaa hundumaa isaan irratti barreessi. 4 Akkuman harʼa isin ajajetti, isin yommuu Yordaanosiin ceetan dhagoota kana Gaara Eebaal+ irra dhaabaatii isaan maragaa.* 5 Dabalataanis, Waaqa kee Yihowaadhaaf achi irratti iddoo aarsaa, jechuunis iddoo aarsaa dhagoota irraa tolfame ijaari. Dhagoota sanas meeshaa sibiilaa hin tuqsiisin.+ 6 Iddoo aarsaa isa kan Waaqa kee Yihowaa taʼe dhagoota hin bocamneen ijaari; achi irrattis Waaqa kee Yihowaadhaaf aarsaawwan gubaman dhiheessi. 7 Aarsaawwan gamtaa dhiheessitee+ achitti ni nyaatta;+ Waaqa kee Yihowaa durattis ni gammadda.+ 8 Dubbii Seera kanaa hundumaas dhagoota sana irratti ifatti barreessi.”+

9 Achiis Musee fi Leewwonni luboota taʼan akkana jedhanii guutummaa Israaʼelitti dubbatan: “Yaa Israaʼel, calluma jedhiitii dhaggeeffadhu. Harʼa ati saba Waaqa kee Yihowaa taateetta.+ 10 Sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼi; ajajawwan isaa+ fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajajus raawwadhu.”

11 Guyyaa sanatti Museen akkana jedhee sabicha ajaje: 12 “Yommuu isin Yordaanosiin ceetanitti gosti Simiʼoon, Leewwii, Yihudaa, Yisaakor, Yoseefii fi Biiniyaam sabicha eebbisuuf Gaara Geriizim+ irra ni dhaabbatu. 13 Gosti Ruuben, Gaad, Asheer, Zaabiloon, Daanii fi Niftaalem immoo abaarsa labsuuf Gaara Eebaal+ irra ni dhaabbatu. 14 Leewwonnis sagalee guddaadhaan akkana jedhanii namoota Israaʼel hundumaatti ni dubbatu:+

15 “‘Namni fakkii bocame+ yookiin siidaa sibiilaa*+ isa Yihowaa duratti jibbisiisaa taʼe,+ jechuunis wanta ogeessa harkaatiin* tolfamu hojjetuu fi dhoksee kaaʼu abaaramaa haa taʼu.’ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’* jedhanii deebisu.)

16 “‘Namni abbaa isaa yookiin haadha isaa tuffatu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)

17 “‘Namni mallattoo daangaa nama kan biraa iddoo isaatii siqsu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)

18 “‘Namni nama qaro dhabeessa taʼe karaa irraa jalʼisu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)

19 “‘Namni nama biyya ormaa, mucaa abbaa hin qabne* yookiin dubartii abbaan manaa irraa duʼe+ jalaa murtii jalʼisu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)

20 “‘Namni haadha manaa abbaa isaa wajjin ciisu, abaaramaa haa taʼu; inni abbaa isaa salphiseera.’*+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)

21 “‘Namni horii akkamii iyyuu wajjin ciisu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)

22 “‘Intala abbaa isaas taate intala haadha isaa, namni obboleettii isaa wajjin ciisu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)

23 “‘Namni amaatii isaa wajjin ciisu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)

24 “‘Namni riphee eeggatee nama ajjeesu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)

25 “‘Namni nama qulqulluu* ajjeesuuf* mattaʼaa fudhatu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)

26 “‘Namni dubbii Seera kanaa hojii irra oolchuudhaan hin eegne abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)

28 “Ati ajajawwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana of eeggannoodhaan raawwachuudhaan mamii tokko malee sagalee Waaqa kee Yihowaa yoo dhageesse, Waaqni kee Yihowaan dhugumaan saboota lafa irraa kaan hundumaa irra ol si qaba.+ 2 Ati yeroo hundumaa sagalee Waaqa kee Yihowaa waan dhageessuuf, eebbawwan kun hundi siif ni dhufu, hordofaniis si bira gaʼu:+

3 “Magaalaa keessatti ni eebbifamta; baadiyyaa keessattis ni eebbifamta.+

4 “Ijoolleen kee,*+ firiin lafa keetii, sanyiin horii keetii, jabbiin kee fi ilmooleen hoolaa keetii ni eebbifamu.+

5 “Guuboon kee+ fi qoda bukoon kee+ ni eebbifama.

6 “Yommuu ol seentu ni eebbifamta; yommuu gad baatus ni eebbifamta.

7 “Yihowaan diinonni kee warri si irratti kaʼan si duratti akka moʼaman ni godha.+ Isaan kallattii tokkoon si haleelu, garuu kallattii adda addaa torbaan si irraa baqatu.+ 8 Yihowaan gootaraawwan kee fi wanta hojjettu hundumaa siif ni eebbisa;+ inni biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessatti dhugumaan si eebbisa. 9 Ati yeroo hundumaa ajajawwan Waaqa kee Yihowaa waan eegduu fi daandiiwwan isaa irra waan deemtuuf, Yihowaan akkuma siif kakatetti+ saba qulqulluu ofii isaatiif taʼu godhee jabeessee si dhaaba.+ 10 Namoonni lafa irraa hundi ati maqaa Yihowaatiin akka waamamte ni argu,+ si sodaatus.+

11 “Yihowaan biyya Yihowaan akka siif kennu abbootii keetiif kakate+ keessatti, ijoolleen kee fi horiin kee akka baayʼatan, oomishni lafa keetiis akka baayʼatu+ ni godha. 12 Yihowaan waqtii isaatti biyya keetiif bokkaa kennuu fi wanta gootu hundumaa eebbisuuf, gootaraa isaa isa gaarii, jechuunis samii siif ni bana.+ Ati saboota hedduudhaaf ni liqeessita malee, hin liqeeffattu.+ 13 Ajajawwan Waaqa kee Yihowaa warra akka eegduu fi akka raawwattu ani harʼa si ajaju kanaaf yoo ajajamte, Yihowaan mataa malee eegee si hin godhu; ati irra aanta+ malee jala hin taatu. 14 Ati waaqolii kan biroo duukaa buutee isaan tajaajiluuf,+ dubbii ani harʼa si ajaju kana hundumaa irraa gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin jalʼatin.+

15 “Haa taʼu malee, ajajawwanii fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaa eeguu dhiisuudhaan sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼuu yoo didde, abaarsawwan kun baayʼinaan si irra ni gaʼu:+

16 “Magaalaa keessatti ni abaaramta; maasii keessattis ni abaaramta.+

17 “Guuboon kee+ fi qoda bukoon kee+ ni abaarama.

18 “Ijoolleen kee,*+ firiin lafa keetii, jabbiin kee fi ilmooleen hoolaa keetii ni abaaramu.+

19 “Yommuu ol seentu ni abaaramta; yommuu gad baatus ni abaaramta.

20 “Gochawwan kee warra hamoo taʼaniin, akkasumas ana dhiisuu keetiin kan kaʼe, Yihowaan hamma ati haxaaʼamtee badduttii fi hamma daftee balleeffamtutti, wanta gootu hundumaatiin abaarsa, burjaajaʼuu fi adaba sitti erga.+ 21 Yihowaan biyya dhaalaan fudhachuuf jettu keessaa haxaaʼee hamma si balleessutti dhukkubni akka sitti maxxanu ni godha.+ 22 Yihowaan daranyoo sombaatiin, dhaqna gubaa cimaadhaan,+ madaadhaan, hoʼa cimaadhaan, goraadeedhaan,+ bubbee waxaluu fi waagiidhaan+ si rukuta; wantoonni kunis hamma ati baddutti si biraa hin deebiʼan. 23 Samiin sii olitti argamu sibiila diimaa, lafti si jalatti argamus sibiila ni taʼa.+ 24 Yihowaanis hamma ati balleeffamtutti bokkaan samii irraa biyya kee irratti roobu daakuu fi awwaara akka taʼu ni godha. 25 Yihowaan diinota kee duratti akka moʼamtu ni godha.+ Kallattii tokkoon isaan ni haleelta; garuu kallattii adda addaa torbaan isaan jalaa ni baqatta; mootummoonni lafaa hundis wanta hamaa si irra gaʼe yommuu argan ni sodaatu.+ 26 Reeffi kee allaattiiwwan samii fi bineensota lafaa hundumaatiif nyaata ni taʼa; namni tokko illee sodaachisee isaan hin ariʼu.+

27 “Yihowaan dhullaa biyya Gibxiitiin, kormammuudhaan, cittoo fi madaadhaan si rukuta; atis isaan irraa fayyuu hin dandeessu. 28 Yihowaan maraataa fi jaamaa akka taatu,+ akkasumas akka burjaajoftu si godha. 29 Akkuma namni qaro dhabeessi dukkana keessa qaqqabatutti, guyyaa saafaa ni qaqqabatta;+ wanta gootu hundumaa irratti milkaaʼina hin argattu; yeroo hundumaa ni gowwoomfamta, ni saamamtas; namni si oolchus hin jiru.+ 30 Ati durba takka ni kaadhimatta, garuu namni kan biraan ishii gudeeda. Mana ni ijaarratta, garuu keessa hin jiraattu.+ Muka wayinii ni dhaabbatta, garuu itti hin fayyadamtu.+ 31 Qotiyyoon kee ijuma kee duratti ni qalama, ati garuu isa irraa homaa hin nyaattu. Harreen kee suma duratti ni hatama, garuu siif hin deebifamu. Hoolaan kee diinota keetiif ni kennama, namni siif oolchus hin jiru. 32 Ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa kee utuma ati ilaaltuu namoota kaaniif ni kennamu;+ atis yeroo hundumaa isaan ni yaadda, garuu homaa gochuu hin dandeessu. 33 Firiiwwan lafa keetii fi oomisha argattu hundumaa namoonni ati hin beekne ni nyaatu;+ yeroo hundumaa ni gowwoomfamta, ni dhidhiitamtas. 34 Wanti ija keetiin argitu si maraacha.

35 “Yihowaan dhullaa nama dhukkubsuu fi hin fayyineen jilba kee fi luka kee ni rukuta; dhullaan sunis faana miila kee irraa jalqabee hamma gubbee mataa keetti si uwwisa. 36 Yihowaan siinis taʼe mootii ati of irratti muudde gara saba atis taate abbootiin kee hin beeknetti ni ariʼa;+ achittis waaqolii kan biroo warra mukaa fi dhagaa irraa tolfaman ni tajaajilta.+ 37 Saba Yihowaan itti si ergu hundumaa gidduutti, wanti si irra gaʼe isaan sodaachisa; isaan si tuffatu,* sitti qoosus.+

38 “Ati sanyii hedduu maasii kee irratti ni facaasta, garuu awwaannisni waan isa nyaatuuf, xinnuma galfatta.+ 39 Muka wayinii ni dhaabda, ni kunuunsitas, garuu raammoon waan isa nyaatuuf, daadhii wayinii hin dhugdu, homaas irraa hin galfattu.+ 40 Naannoo kee hundumaatti muka ejersaa ni qabaatta, garuu firiin isaa waan irraa harcaʼuuf, zayitii dibattu hin argattu. 41 Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa ni dhalchita, garuu boojiʼamanii waan fudhatamaniif isaan kan kee hin taʼan.+ 42 Ilbiisonni hedduun* mukeetii fi firii lafa keetii hundumaa ni weeraru. 43 Namni biyya ormaa si gidduu jiraatu si irratti oluma guddachaa yeroo deemu, ati immoo gaduma xinnaachaa deemta. 44 Isatu siif liqeessa malee, ati isaaf hin liqeessitu.+ Inni mataa taʼa, ati immoo eegee taata.+

45 “Ati ajajawwanii fi dambiiwwan isaa warra inni si ajaje eeguudhaan sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼuu waan diddeef, hamma haxaaʼamtee balleeffamtutti+ dhugumaan abaarsawwan kun hundi+ si irra ni gaʼu, hordofaniis si dhaqqabu.+ 46 Isaanis akkuma mallattoo fi akeekkachiisa dhaabbataa taʼetti sii fi sanyii kee irraa hin dhabaman;+ 47 sababiin isaas, ati wanta hundumaa baayʼinaan utuu qabduu gammachuu fi garaa gammaduun Waaqa kee Yihowaa hin tajaajille.+ 48 Yihowaan diinota kee sitti ni erga; atis beeloftee,+ dheebottee, daartee, akkasumas wanta hundumaa dhabdee utuu jirtuu isaan tajaajilta.+ Innis haxaaʼee hamma si balleessutti waanjoo sibiilaa morma kee irratti ni feʼa.

49 “Yihowaan andaara lafaa irraa saba biyya fagoodhaa dhufe tokko si irratti ni kaasa;+ inni akkuma risaan wanta adamsu irra buʼutti tasa si irra buʼa;+ sabni sunis saba ati afaan isaa hin dhageenye,+ 50 saba bifti isaa sodaachisaa taʼe, saba maanguddoota hin kabjnee fi daaʼimmaniif hin gaddine dha.+ 51 Isaan hamma ati haxaaʼamtee baddutti ilmoolee horii keetii fi firii lafa keetii ni nyaatu. Isaan hamma si balleessanitti, midhaan, daadhii wayinii yookiin zayitii haaraa, jabbii yookiin ilmoo hoolaa tokko illee siif hin hambisan.+ 52 Isaan hamma dallaawwan dhedheeroonii fi jajjaboon warri ati itti amanamtu jijjiganitti guutummaa biyya kee keessatti magaalota* kee hundumaa keessatti si irratti cufanii sitti marsu. Eeyyee, isaan dhugumaan guutummaa biyya Waaqni kee Yihowaan siif kenne keessatti magaalota kee hundumaa keessatti sitti marsu.+ 53 Achiis magaalonni kee marfamanii rakkachuu isaaniitiin kan kaʼe, akkasumas diinni kee waan si dhiphisuuf ijoollee kee,* foon ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa kee warra Waaqni kee Yihowaan siif kenne sanaa nyaachuuf dirqamta.+

54 “Isin gidduudhaa namni hundumaa caalaa garraamii taʼee fi qananiitti guddate illee obboleessa isaatiif yookiin haadha manaa isaa ishii jaallatuuf yookiin ilmaan isaa warra hafaniif hin gaddu; 55 inni magaalonni kee marfamanii rakkachuu isaaniitiin kan kaʼe, akkasumas diinonni kee magaalota kee dhiphisuu isaaniitiin kan kaʼe, wanta kan biraa waan hin qabneef, foon ilmaan isaa isa nyaatu sana irraa homaa isaaniif hin kennu.+ 56 Isin gidduudhaa dubartiin hundumaa caalaa garraamii taate, qananiitti guddattee fi faana miila ishiitiin lafa ejjechuu hin barbaanne+ illee abbaa manaa ishii isa jaallattuuf yookiin ilma ishiitiif yookiin intala ishiitiif hin gadditu; 57 obbaatii luka ishii gidduudhaa baʼuu fi ilmaan deesseef illee hin gadditu; sababiin isaas, magaalonni kee marfamanii rakkachuu isaaniitiin, akkasumas diinonni kee magaalota kee dhiphisuu isaaniitiin kan kaʼe ishiin dhoksaatti isaan ni nyaatti.

58 “Ati dubbii Seera kanaa isa kitaaba kana irratti barreeffame+ hundumaa of eeggannoodhaan yoo eeguu baattee fi maqaa Waaqa kee Yihowaa+ isa ulfina qabeessaa fi sodaachisaa taʼe+ kana yoo sodaachuu baatte, 59 Yihowaan siinis taʼe sanyii kee dhaʼicha baayʼee cimaa taʼeen, dhaʼicha guddaa fi yeroo dheeraadhaaf turuun,+ akkasumas dhukkuba cimaa fi yeroo dheeraadhaaf turuun ni rukuta. 60 Dhukkuboota biyya Gibxii warra ati sodaachaa turte sana hundumaa deebisee sitti fida; isaanis dhugumaan sitti ni maxxanu. 61 Kana malees, Yihowaan hamma ati guutummaatti baddutti dhukkuba yookiin dhaʼicha kitaaba Seeraa kana keessatti hin barreeffamne hundumaa illee si irratti ni fida. 62 Isin sagalee Waaqa keessan Yihowaa waan hin dhageenyeef, akkuma urjiilee samii kan hin lakkaaʼamne+ yoo taatan iyyuu, isin keessaa nama muraasa qofatu hafa.+

63 “Yihowaan akkuma yeroo tokko badhaadhota isin gochuu fi isin baayʼisuutti gammadee ture, Yihowaan isin balleessuu fi isin fixuuttis ni gammada; isinis biyya dhaaluuf jettan irraa ni buqqifamtu.

64 “Yihowaan andaara lafaa isa tokko irraa hamma andaara lafaa isa kan biraatti saboota hundumaa gidduutti si bittinneessa;+ atis achitti waaqolii mukaa fi dhagaa irraa tolfaman warra atis taate abbootiin kee hin beekne waaqeffachuuf dirqamta.+ 65 Saboota sana gidduutti nagaa hin argattu;+ bakka faanni miila keetii itti boqotu illee hin argattu. Kanaa mannaa, Yihowaan achitti garaa yaaddaʼu,+ ija dadhabuu fi garaa abdii kutatu siif kenna.+ 66 Lubbuun kee balaa guddaadhaaf kan saaxilame ni taʼa; halkanii fi guyyaa ni sodaatta; lubbuudhaan ooluu kee illee ni shakkita. 67 Sodaa sitti dhagaʼamuu fi wanta ijji kee ilaaluun kan kaʼe ganama, ‘Maal taʼa utuu dhihee!’ jetta; galgala immoo, ‘Maal taʼa utuu bariʼee!’ jetta. 68 Yihowaan dhugumaan karaa ani, ‘Lammata isa hin argitu’ siin jedheen dooniidhaan gara biyya Gibxiitti si deebisa; isinis achitti diinota keessanitti garbummaadhaan of gurguruuf ni dirqamtu, namni isin bitu garuu hin argamu.”

29 Kakuu inni Horeeb keessatti isaanii wajjin galeen alatti, dubbiin kakuu Yihowaan biyya Moʼaab keessatti saba Israaʼelii wajjin akka galu Musee ajaje kana dha.+

2 Achiis Museen Israaʼelota hundumaa walitti qabee akkana isaaniin jedhe: “Wanta Yihowaan biyya Gibxii keessatti Faraʼoon irratti, tajaajiltoota isaa hundumaa irrattii fi guutummaa biyya isaa irratti ijuma keessan duratti godhe hundumaa argitaniittu;+ 3 kana malees, murtiiwwan guguddaa, mallattoowwanii fi dinqiiwwan guguddaa sana ija keessaniin argitaniittu.+ 4 Haa taʼu malee, Yihowaan hamma harʼaatti garaa hubatu, ija arguu fi gurra dhagaʼu isiniif hin kennine.+ 5 ‘Waggaa 40f lafa onaa keessatti+ yommuun isin geggeessaa turetti, uffanni keessan isin irratti hin dhumne, kopheen keessanis miila keessan irratti hin dhumne.+ 6 Ani Waaqa keessan Yihowaa taʼuu koo akka beektaniif, isin daabboo hin nyaanne, daadhii wayinii yookiin dhugaatii alkoolii akkamii iyyuu hin dhugne.’ 7 Dhuma irrattis isin gara iddoo kanaa ni dhuftan; Sihoon mootiin Heshboonii+ fi Oog mootiin Baashaanis+ nu waraanuuf ni baʼan, nuti garuu isaan ni moone.+ 8 Sana booda, lafa isaanii fudhannee Ruubenotaaf, Gaadotaa fi walakkaa gosa Minaasotaatiif dhaalaan kennine.+ 9 Kanaafuu, wanti gootan hundi gaarii akka isiniif taʼuuf, dubbii kakuu kanaa eegaa; isaafis ajajamaa.+

10 “Harʼa hundi keessan Waaqa keessan Yihowaa dura dhaabbattaniittu; dura buutonni gosoota keessanii, jaarsoliin keessan, geggeessitoonni keessan, dhiironni Israaʼel hundi, 11 ijoolleen keessan, haadhotiin manaa keessan,+ akkasumas namni biyya ormaa+ buufata keessan gidduu jiru, inni qoraan isiniif funaanus taʼe bishaan isiniif waraabu isa dura dhaabbataniiru. 12 Kunoo ati gara kakuu Waaqa kee Yihowaattii fi gara kakaa isaa isa Waaqni kee Yihowaan harʼa sii wajjin galutti seenuuf jetta;+ 13 kanas kan godhe, akkuma waadaa siif galetti, akkasumas akkuma abbootii kee Abrahaam,+ Yisihaaqii+ fi Yaaqoobiif+ kakatetti harʼa saba isaa godhee si hundeessuu+ fi Waaqa kee taʼuuf+ jedhee ti.

14 “Ani kakuu kanaa fi kakaa kana kanan galu sii wajjin qofa miti; 15 kanaa mannaa warra harʼa nuu wajjin Waaqa keenya Yihowaa dura dhaabbatanii fi warra harʼa nuu wajjin as hin jirree wajjinis nan gala. 16 (Sababiin isaas, isin biyya Gibxii keessa akkamitti akka jiraannee fi imala keenya irratti akkamitti saboota adda addaa gidduu akka darbine akka gaariitti beektu.+ 17 Kana malees, isin wantoota jibbisiisoo isaanii fi waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo* taʼan+ kanneen muka, dhagaa, meetii fi warqii irraa tolfaman warra isaan gidduu turan ni argitu turtan.) 18 Harʼa isin gidduutti dhiirri yookiin dubartiin, maatiin yookiin gosti dhaqee waaqolii saboota sanaa tajaajiluuf garaan isaa Waaqa keenya Yihowaa irraa jalʼatu,+ hiddi firii summaaʼaa fi hadhaaʼaa godhatu isin gidduutti akka hin argamne of eeggadhaa.+

19 “Haa taʼu malee, namni tokko dubbii kakaa kanaa dhagaʼee of jajuudhaan garaa isaatti, ‘Ani akka fedhii garaa kootti yoon deeme iyyuu nagaa nan qabaadha’ jechuudhaan, wanta daandii isaa irra jiru hundumaa* yoo mancaase, 20 Yihowaan dhiifama isaaf gochuuf tole hin jedhu.+ Kanaa mannaa, dheekkamsi Yihowaa inni guddaan nama kana irratti ni bobaʼa; abaarsi kitaaba kana keessatti barreeffame hundis dhugumaan isa irra ni gaʼa;+ Yihowaanis dhugumaan maqaa isaa samii jalaa haxaaʼee ni balleessa. 21 Achiis Yihowaan abaarsa kakuu kanaa isa kitaaba Seeraa kana irratti barreeffame hundumaa wajjin haala wal simuun, namicha kana gosoota Israaʼel hundumaa keessaa badiisaaf kophaatti ni baasa.

22 “Dhaloonni ilmaan keetii warri gara fuulduraa fi namni biyya ormaa inni biyya fagoodhaa dhufe, dhaʼichawwanii fi dhukkuboota Yihowaan biyyattii irratti fide, 23 jechuunis akkuma Sodoomii fi Gomoraa,+ akkasumas Admaa fi Zeboʼiim+ warra Yihowaan dheekkamsaa fi aarii isaatiin garagalche sanaatti, guutummaa biyyattii keessatti sanyiin akka hin facaafamneef yookiin akka hin margineef, biqiltuun akkamii iyyuus akka hin latneef, dinyii, soogiddaa fi ibidda gubu akka ishii irratti fide yommuu argan, 24 isaanis taʼan saboonni hundi, ‘Yihowaan biyya kana irratti akkana kan godhe maaliifi?+ Dheekkamsa guddaa bobaʼu kana kan fide maali dha?’ jedhu. 25 Namoonnis akkana jedhu: ‘Kun kan taʼe, kakuu Waaqni abbootii isaanii Yihowaan yommuu biyya Gibxii keessaa isaan baasetti+ isaanii wajjin gale sana waan dhiisaniifi.+ 26 Kanaa mannaa, isaan dhaqanii waaqolii kan biroo warra hin beeknee fi akka waaqeffatan inni isaaniif hin heyyamne* tajaajilan, akkasumas isaaniif ni sagadan.+ 27 Achiis aariin Yihowaa inni bobaʼaan biyya sana irratti ni dhufe; abaarsa kitaaba kana irratti barreeffame hundumaas ishii irratti ni fide.+ 28 Kanaafuu, Yihowaan aarii isaa fi dheekkamsa isaa isa guddaadhaan biyyoo isaanii irraa isaan buqqisee+ gara biyya kan biraa yeroo harʼaa keessa jiranitti isaan geesse.’+

29 “Wantoonni dhokfaman kan Waaqa keenya Yihowaa ti;+ haa taʼu malee, dubbii Seera kanaa hundumaa akka raawwannuuf, wantoonni ifa baafaman bara baraaf kan keenyaa fi kan sanyii keenyaa ti.+

30 “Dubbiin kun hundi, jechuunis eebbii fi abaarsi ani si dura kaaʼe yommuu si irra gaʼu,+ atis saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneessu hundumaa keessa+ taatee yommuu isaan yaadattu,*+ 2 akkuma ani harʼa si ajaju kana hundumaatti atis taate ilmaan kee garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan+ gara Waaqa keessan Yihowaatti yommuu deebitanii+ fi sagalee isaa yommuu dhageessan, 3 Waaqni kee Yihowaan wantoota si jalaa boojiʼaman siif deebisa,+ gara laafina sitti argisiisa,+ akkasumas saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneesse hundumaa keessaa deebisee walitti si qaba.+ 4 Sabni kee hamma andaara samiitti yoo bittinnaaʼan illee, Waaqni kee Yihowaan achii walitti isin qabee deebisee isin ni fida.+ 5 Waaqni kee Yihowaan gara biyya abbootiin kee dhaalaan fudhatanitti si deebisa; atis isa ni dhaalta; innis abbootii kee caalaa badhaadhaa si godha, si baayʼisas.+ 6 Ati Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuu fi lubbuu* kee guutuudhaan akka jaallattuuf, akkasumas lubbuudhaan akka jiraattuuf,+ Waaqni kee Yihowaan garaa kee fi garaa sanyii keetii ni qulqulleessa.*+ 7 Achiis Waaqni kee Yihowaan abaarsawwan kana hundumaa diinota kee warra si jibbanii fi si ariʼatan irratti ni fida.+

8 “Atis deebitee sagalee Yihowaa ni dhageessa; ajajawwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaas ni eegda. 9 Yihowaan akkuma abbootii keetti gammadetti,+ ammas sooressa si gochuutti waan gammaduuf, Waaqni kee Yihowaan ijoollee kee, horiiwwan kee fi oomisha lafa keetii baayʼisuudhaan, hojii harka kee hundumaatiin baayʼee badhaadhaa akka taatu ni godha.+ 10 Achiis sagalee Waaqa kee Yihowaa ni dhageessa; ajajawwan isaa fi dambiiwwan isaa warra kitaaba Seeraa kana irratti barreeffaman ni eegda; garaa kee guutuu fi lubbuu* kee guutuudhaanis gara Waaqa kee Yihowaatti ni deebita.+

11 “Ajajni ani harʼa si ajaju kun siif baayʼee ulfaataa miti; si irraas fagoo miti.+ 12 Ati, ‘Akka isa dhageenyuu fi akka isa eegnuuf eenyutu gara samiitti ol baʼee nuu fida?’ akka hin jenneef, inni kan jiru samii irra miti.+ 13 Ati, ‘Akka isa dhageenyuu fi akka isa eegnuuf eenyutu galaana gamatti ceʼee nuu fida?’ akka hin jenneef immoo, inni kan jiru galaana gama miti. 14 Sababiin isaas, ati akka isa raawwattuuf+ dubbichi baayʼee sitti dhihoo, jechuunis afaan kee keessaa fi garaa kee keessa jira.+

15 “Kunoo, ani harʼa jireenyaa fi wanta gaarii, akkasumas duʼaa fi wanta hamaa si dura nan kaaʼa.+ 16 Waaqa kee Yihowaa jaallachuudhaan,+ daandiiwwan isaa irra deemuudhaan, ajajawwan isaa, dambiiwwan isaa fi heerawwan isaa eeguudhaan ajajawwan Waaqa kee Yihowaa warra ani harʼa si ajaju yoo dhageesse, lubbuudhaan ni jiraatta,+ ni baayʼattas; Waaqni kee Yihowaanis biyya dhaaluuf jettu keessatti si eebbisa.+

17 “Haa taʼu malee, garaan kee karaa irraa yoo gore,+ atis dhagaʼuu diddee gowwoomfamuudhaan waaqolii kan birootiif yoo sagaddee fi yoo isaan tajaajilte,+ 18 ati dhugumaan akka baddu harʼa sittan hima.+ Biyya dhaalaan fudhachuuf Yordaanosiin ceetu sana keessatti bara dheeraa hin jiraattu. 19 Jireenyaa fi duʼa, eebbaa fi abaarsa si dura akkan kaaʼe+ harʼa samii fi lafa si irratti ragoota godhee nan dhiheessa; atii fi sanyiin kee+ akka jiraattaniif jireenya filadhu;+ 20 kanas kan gootu, Waaqa kee Yihowaa jaallachuudhaan,+ sagalee isaa dhagaʼuudhaan, akkasumas isatti maxxanuudhaani;+ sababiin isaas, inni jireenya kee ti; biyya Yihowaan abbootii kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kennuuf kakate keessattis bara dheeraa kan si jiraachisu isa dha.”+

31 Achiis Museen gad baʼee dubbii kana guutummaa Israaʼelitti dubbate; 2 akkana isaaniin jedhe: “Amma umuriin koo waggaa 120 taʼeera.+ Yihowaan, ‘Ati Yordaanos kana hin ceetu’+ waan naan jedheef, kana booda ani isin geggeessuu* hin dandaʼu. 3 Waaqni kee Yihowaan si dursee gamatti ni ceʼa; innumti saboota kana si duratti haxaaʼee ni balleessa; atis isaan ni ariita.+ Akkuma Yihowaan dubbatetti, Iyyaasuun geggeessee si ceesisa.+ 4 Yihowaan yeroo haxaaʼee isaan balleessetti Sihoonii+ fi Oog+ warra mootota Amoorotaa taʼan irratti akkuma godhe isaan irrattis ni godha.+ 5 Yihowaan isaaniin isiniif ni moʼa; isinis akkuma ajaja ani isiniif kenne hundumaatti isaan irratti ni raawwattu.+ 6 Onnadhaa, cimaas.+ Isinii wajjin kan deemu Waaqa keessan Yihowaa waan taʼeef, isaan duratti hin sodaatinaa yookiin hin romʼinaa.+ Inni isin hin dhiisu, isin hin gatus.”+

7 Achiis Museen Iyyaasuu waamee guutummaa Israaʼel duratti akkana isaan jedhe: “Saba kana gara biyya Yihowaan abbootii isaaniitiif kennuuf isaaniif kakatetti kan galchu si waan taʼeef, onnadhu, cimis;+ ati biyyattii dhaalaan isaaniif ni kennita.+ 8 Yihowaan si dura ni deema; yeroo hundumaas sii wajjin ni taʼa.+ Inni si hin dhiisu, si hin gatus. Hin sodaatin yookiin hin jeeqamin.”+

9 Achiis Museen Seera kana barreessee,+ Leewwota luboota taʼan warra taabota kakuu Yihowaa baatanittii fi jaarsolii Israaʼel hundumaatti ni kenne. 10 Akkanas jedhee isaan ajaje: “Dhuma waggoota torbaa hundumaatti, waggaa liqiin itti namaaf dhiifamu+ keessaa yeroo murteeffametti, jechuunis yeroo Ayyaana Daasiitti,*+ 11 guutummaan Israaʼel bakka Waaqni kee Yihowaan filatetti isa duratti yommuu dhihaatanitti,+ guutummaan Israaʼel utuma dhagaʼuu Seera kana dubbisi.+ 12 Isaan akka dhagaʼaniif, waaʼee Waaqa kee Yihowaa akka baratanii fi isa akka sodaataniif, akkasumas dubbii Seera kanaa hundumaa akka raawwataniif sabicha, jechuunis dhiirota, dubartoota, ijoollee* fi nama biyya ormaa magaalota* kee keessatti argamu walitti qabi.+ 13 Achiis ilmaan isaanii warri Seera kana hin beekne, bara biyya Yordaanosiin ceetee dhaalaan fudhattu sana keessa jiraattu hundumaatti kana ni dhagaʼu;+ Waaqa kee Yihowaa sodaachuus ni baratu.”+

14 Achiis Yihowaan Museedhaan, “Kunoo, yeroon itti duutu dhihaateera.+ Geggeessaa godhee akkan isa muuduuf, Iyyaasuu waami; isinis gara dunkaana walgaʼiitti kottaa”* jedhe.+ Kanaafuu, Musee fi Iyyaasuun baʼanii gara dunkaana walgaʼii dhaqan. 15 Achiis Yihowaan dunkaanicha duratti utubaa duumessaa keessaan ni mulʼate; utubaan duumessaa sunis balbala dunkaanichaa dura dhaabbate.+

16 Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Kunoo, ati duʼuuf* jetta; sabni kun biyya dhaqaa jiru keessatti waaqolii ormaa warra naannoo isaatti argamanii wajjin karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwachuu ni jalqaba.+ Isaan na dhiisu,+ kakuu ani isaanii wajjin gales ni cabsu.+ 17 Yeroo sanatti dheekkamsi koo isaan irratti ni bobaʼa;+ ani isaan nan dhiisa,+ hamma isaan dhumanittis fuula koo isaan jalaa nan dhoksa.+ Badiisnii fi dhiphinni hedduun erga isaan irra gaʼee boodas,+ ‘Badiisawwan kun kan nu irra gaʼan, Waaqni keenya nu gidduutti waan hin argamneef mitii?’ jedhu.+ 18 Haa taʼu malee, gara waaqolii kan birootti goruudhaan hammina raawwatan hundumaatiin kan kaʼe, guyyaa sanatti fuula koo isaan jalaa akkuman dhoksettan itti fufa.+

19 “Ammas faarfannaa kana barreeffadhaa,+ Israaʼelotas barsiisaa.+ Faarfannaan kun saba Israaʼel irratti ragaa akka naaf taʼuuf, isaan akka isa baratan godhaa.*+ 20 Gara biyya ani abbootii isaaniitiif kakadhetti,+ jechuunis gara biyya aannanii fi damma maddisiistutti+ yommuun isaan fidu, isaan nyaatanii quufanii badhaadhota* yommuu taʼan,+ gara waaqolii kan birootti ni garagalu, isaaniinis ni tajaajilu; ana garuu ni tuffatu, kakuu koos ni cabsu.+ 21 Gara biyya ani isaaniif kakadhetti isaan galchuu koo dura iyyuu fedhii garaa isaanii waanan beekuuf,+ badiisnii fi dhiphinni hedduun yommuu isaan irra gaʼu,+ faarfannaan kun isaan irratti ragaa baatuu ni taʼa (sababiin isaas, sanyiiwwan isaanii isa hin irraanfatan).”

22 Kanaafuu, Museen guyyaa sanatti faarfannaa kana barreessee Israaʼelota barsiise.

23 Achiis inni* Iyyaasuu ilma Nuuniin muudee,+ “Biyya ani isaaniif kakadhetti Israaʼelota kan galchu si waan taʼeef+ onnadhu, cimis;+ ani yeroo hundumaa sii wajjin nan taʼa” isaan jedhe.

24 Museen guutummaa dubbii Seera kanaa kitaaba tokko irratti barreessee+ akkuma xumureen, 25 Leewwota warra taabota kakuu Yihowaa baatan akkana jedhee ajaje: 26 “Kitaaba Seerichaa+ kana fuudhaatii taabota+ kakuu Waaqa keessan Yihowaa bira kaaʼaa; innis achitti isin irratti ragaa baatuu ni taʼa. 27 Sababiin isaas, anumti iyyuu fincila+ keessanii fi mata jabina*+ keessan akka gaariittan beeka. Utuman lubbuudhaan isinii wajjin jiruu hammana Yihowaa irratti erga fincila kaastanii, ergan duʼee booda immoo hammam caalaatti isa irratti fincila kaastu ree! 28 Jaarsolii gosoota keessanii fi geggeessitoota keessan hundumaa walitti naaf qabaa; anis utuma isaan dhagaʼanii dubbii kana isaanitti nan dubbadha; samii fi laftis ragaa akka isaan irratti baʼan nan godha.+ 29 Ergan duʼee booda, isin hammina akka raawwattanii fi daandii ani waaʼee isaa isin ajaje irraa akka gortan akka gaariittan beeka.+ Isin wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwattu; hojiiwwan harka keessaniitiinis isa ni dheekkamsiistu; kanaan kan kaʼes, gara fuulduraatti dhugumaan badiisni isinitti ni dhufa.”+

30 Achiis Museen guutummaan gumii Israaʼel utuma isa dhagaʼuu, jalqabaa kaasee hamma xumuraatti dubbii faarfannaa kanaa ni dubbate:+

32 “Yaa samiiwwan, gurra keessan as qabaa, ani nan dubbadha,

Laftis dubbii afaan kootii haa dhageessu.

 2 Barumsi koo akka bokkaatti ni rooba;

Dubbiin koo akka fixeensaatti ni coccopha;

Akkuma rooba marga irratti tiifuu,

Akkuma bokkaa hedduu biqiltuu irratti roobuu tis.

 3 Ani maqaa Yihowaa nan labsa.+

Waaʼee guddina Waaqa keenyaa dubbadhaa!+

 4 Inni Qarsaa dha, wanti inni godhu mudaa hin qabu;+

Daandiiwwan isaa hundi haqa qabeessa dha.+

Inni Waaqa amanamaa+ matumaa haqa hin jalʼisne dha;+

Inni qajeelaa fi sirrii dha.+

 5 Hammina kan raawwate isaani.+

Isaan ijoollee isaa miti, hirʼinni isaa kanuma isaanii ti.+

Isaan dhaloota jalʼaa fi micciiramaa dha!+

 6 Isin yaa saba gowwaa fi ogummaa hin qabne nana,+

Yihowaa irratti akkana gochuu qabduu?+

Abbaan keessan inni isin uume,+

Inni isin tolchee fi cimsee isin dhaabe isa mitii?

 7 Guyyoota durii yaadadhaa;

Baroota dhaloota darbaniis qalbeeffadhaa.

Abbaa kee gaafadhu, inni sitti himuu dandaʼa;+

Jaarsolii kee gaafadhu, isaanis si beeksisu.

 8 Inni Hundaa Olii yommuu sabootaaf dhaala isaanii kennetti,+

Yommuu ilmaan Addaam* isa tokko isa kan biraa irraa adda baasetti,+

Inni akka lakkoofsa ilmaan Israaʼelitti,+

Daangaa sabootaa ni murteesse.+

 9 Sabni Yihowaa qooda isaa ti;+

Yaaqoob dhaala isaa ti.+

10 Inni lafa onaa keessatti,+

Gammoojjii duwwaa taʼee fi bineensonni bosonaa itti iyyan keessatti+ isa argate.

Isatti marsees isa ni eege, isa ni kunuunse,+

Akka qaroo ija isaattis isa ni eege.+

11 Akkuma risaan manʼee ishii sochoostutti,

Cuucota ishii irra naannoftutti,

Qoochoo* ishii diriirsitee isaan fudhattutti,

Baalleewwan ishii irrattis isaan baattutti,+

12 Yihowaa qofatu isa* geggeesse;+

Waaqni ormaa tokko illee isaa wajjin hin turre.+

13 Inni iddoowwan ol kaʼoo lafaa akka qabatu ni godhe;+

Kanaan kan kaʼes, oomisha maasichaa ni nyaate.+

Inni kattaa keessaa damma,

Qarsaa cimaa keessaas zayitii isa ni soore;

14 Dhadhaa loonii fi aannan bushaayee,

Hoolota hunda caalaa filatamoo taʼanii* wajjin,

Korbeeyyii hoolaa Baashaanii fi korbeeyyii reʼee,

Qamadii hunda caalaa baʼeessa taʼee* wajjin isa ni soore;+

Atis daadhii wayinii dhiiga* firii wayinii irraa argamu ni dhugde.

15 Yeshuurun* yeroo gabbatetti, fincilee gooftaa isaa dhiite.

Ati ni gabbatte, ni furdatte, ni bokoktes.+

Kanaafuu, inni Waaqa isa tolche sana ni dhiise,+

Qarsaa fayyina isaatiis ni tuffate.

16 Isaan waaqolii ormaatiin aariidhaaf isa kakaasan;+

Wantoota jibbisiisoo taʼaniinis isa dheekkamsiisaa turan.+

17 Isaan Waaqayyoof utuu hin taʼin jinniiwwaniif,+

Waaqolii kanaan dura hin beekneef,

Warra dhiheenyatti dhufaniif,

Waaqolii abbootiin keessan hin beekneef aarsaa ni dhiheessu turan.

18 Qarsaa isa abbaa kee taʼe ni irraanfatte;+

Waaqa isa si dhalches hin yaadanne.+

19 Ijoolleen durbaa fi ijoolleen dhiiraa isaa waan isa dheekkamsiisaniif,

Yihowaan yommuu kana argu isaan dhiise.+

20 Kanaafuu akkana jedhe: ‘Fuula koo isaan jalaa nan dhoksa;+

Mee dhumni isaanii maal akka taʼun ilaala.

Isaan dhaloota didaa dha,+

Ilmaan amanamummaa hin qabne dhas.+

21 Isaan wanta waaqa hin taaneen aariidhaaf* na kakaasaniiru;+

Waaqolii tolfamoo isaanii warra gatii hin qabneenis na dheekkamsiisaniiru.+

Kanaafuu, ani wanta saba hin taaneen hinaaffaadhaaf isaan nan kakaasa;+

Saba gowwaa taʼeenis isaan nan aarsa.+

22 Dheekkamsi koo ibidda qabsiiseera;+

Awwaala* gad fagoo keessattis ni bobaʼa;+

Inni lafaa fi oomisha ishii nyaatee ni fixa;

Buʼuurawwan gaarotaas ni guba.

23 Ani badiisa isaanii ittuman dabala;

Xiyyawwan koos isaan irratti nan fayyadama.

24 Isaan beela irraa kan kaʼe ni dadhabu;+

Dhaqna gubaa cimaa taʼee fi badiisa hamaadhaan ni nyaatamu.+

Ani ilkaan bineensotaa,

Summii uumamawwan lafa irra loʼaniis isaanitti nan erga.+

25 Warra ala jiran goraadeen ni fixa;+

Warri keessa jiran immoo ni sodaatu;+

Dargaggootaa fi durboota,

Daaʼimmanii fi maanguddoota irras kanumatu gaʼa.+

26 Silaa ani, “Isaan nan bittinneessa;

Yaadannoon isaaniis namoota gidduudhaa akka badu nan godha” nan jedhan ture.

27 Taʼus wanta diinni koo jedhu waanan sodaadheef+ akkana hin jenne;

Sababiin isaas, diinonni wanta kana karaa sirrii hin taaneen hubachuu dandaʼu.+

Isaan, “Humni keenya injifannoo argateera;+

Wanta kana hundumaa kan godhe Yihowaa miti” jechuu dandaʼu.

28 Isaan saba miira hin qabne* dha;

Hubannaanis isaan gidduu hin jiru.+

29 Maal taʼa utuu ogeeyyii taʼaniiru taʼee!+ Wanta kana irratti ni xiinxalu turan.+

Wanta dhuma irratti isaan irra gaʼus ni yaadu turan.+

30 Qarsaan isaanii utuu isaan hin gurgurre taʼee,+

Yihowaan dabarsee utuu isaan hin kennine taʼee,

Namni tokko akkamitti 1,000 ariʼuu dandaʼa?

Namni lama hoo akkamitti 10,000 ariʼuu dandaʼa?+

31 Qarsaan isaanii akka Qarsaa keenyaa miti,+

Diinonni keenya illee kana hubataniiru.+

32 Mukti wayinii isaanii muka wayinii Sodoom irraa,

Maasii wayinii Gomoraa irraas kan argame dha.+

Firiiwwan wayinii isaanii firiiwwan wayinii summaaʼoo,

Firiiwwan isaanii warri walitti tuutaʼanis hadhaaʼoo dha.+

33 Daadhiin wayinii isaanii summii jawwee,

Summii marʼataa nama ajjeesuu ti.

34 Kun ana biratti walitti qabamee,

Gootaraa koo keessattis saamsamee jira mitii?+

35 Haaloo baʼuunii fi adabuun kan koo ti;+

Yeroo murteeffametti miilli isaanii ni mucucaata;+

Guyyaan badiisa isaanii dhihaateera,

Wanti isaan eeggatus dafee ni dhufa.’

36 Yihowaan saba isaatiif murtii ni kenna;+

Inni humni isaanii akka laafe,

Warri gargaarsa hin qabnee fi warri dadhaboon qofti akka hafanis yommuu argutti,

Tajaajiltoota isaatiif ni gadda.*+

37 Achiis akkana jedha: ‘Waaqoliin isaanii eessa jiru?+

Qarsaan isaan itti baqatan sun,

38 Inni cooma aarsaawwan isaanii* nyaachaa,

Daadhii wayinii aarsaawwan dhugaatii isaaniis dhugaa ture sun eessa jira?+

Mee isaan kaʼanii isin haa gargaaran.

Iddoo itti baqattanis isiniif haa taʼan.

39 Amma ani isa taʼuu koo hubadhaa,+

Ana malee waaqoliin kan biroon hin jiran.+

Ani nan ajjeesa, nan jiraachisas.+

Ani nan madeessa,+ nan fayyisas;+

Harka koo keessaa oolchuu kan dandaʼu tokko illee hin jiru.+

40 Ani harka koo gara samiitti kaasee,

“Bara baraaf jiraataa taʼuu kootiin” jedhee nan kakadha;+

41 Goraadee koo isa calaqqisu yommuun qaradhu,

Harka koos murtiidhaaf yommuun qopheessu,+

Diinota koo irratti haaloo nan baʼa,+

Warra na jibbanis nan adaba.

42 Xiyyawwan koo dhiigaan,

Dhiiga warra ajjeefamanii fi warra boojiʼamaniitiin nan macheessa;

Goraadeen koos foon,

Foon mataawwan geggeessitoota diinaa ni nyaata.’

43 Inni dhiiga tajaajiltoota isaatiif haaloo waan baʼuuf,+

Diinota isaa irratti haaloo waan baʼuuf,+

Biyya saba isaatiifis araara waan argamsiisuuf,*

Yaa sabootaa, saba isaa wajjin gammadaa.”+

44 Achiis Museen Hosheʼaa*+ ilma Nuunii wajjin dhufee, utuma sabichi dhagaʼuu dubbii faarfannaa kana hundumaa ni dubbate.+ 45 Museen dubbii kana hundumaa guutummaa Israaʼelitti dubbatee erga xumuree booda, 46 akkana isaaniin jedhe: “Ilmaan keessan dubbii Seera kanaa hundumaa of eeggannoodhaan akka raawwatan isaan ajajuu akka dandeessaniif,+ dubbii akeekkachiisaa ani harʼa isinitti himu kana hundumaa garaatti qabadhaa.+ 47 Sababiin isaas, kun jireenya keessani malee, isiniif dubbii gatii hin qabne miti;+ isinis dubbii kanaan biyya dhaalaan fudhachuuf Yordaanosiin ceetan keessa bara dheeraa ni jiraattu.”

48 Yihowaan guyyuma kanatti akkana jedhee Museetti dubbate: 49 “Gara Gaara Neboo+ isa gaara Abaariim+ taʼe, isa biyya Moʼaab keessatti fuullee Yerikootti argamu kanatti ol baʼiitii, biyya Kanaʼaan isan dhaalaan Israaʼelotaaf kennu ilaali.+ 50 Akkuma obboleessi kee Aaron Gaara Hoor irratti duʼee+ gara saba isaatti walitti qabame, atis gaara itti ol baʼuuf jettu kana irratti duutee gara saba keetti walitti qabamta;* 51 sababiin isaas, lamaan keessan iyyuu bishaan Mariibaa+ isa Qaadesh ishii lafa onaa Ziin keessatti argamtu keessa jiru biratti Israaʼelota gidduutti anaaf amanamoo utuu hin taʼin haftaniittu; isin saba Israaʼel duratti ana hin qulqulleessine.+ 52 Ati biyyattii fagoodhaa ilaalta malee, biyya ani saba Israaʼeliif kennu kanatti hin galtu.”+

33 Kun eebba Museen inni nama Waaqa dhugaa taʼe duʼuu isaa dura Israaʼelota eebbise dha.+ 2 Akkana jedhe:

“Yihowaan Siinaa irraa ni dhufe,+

Seʼiir irraas isaan irratti ni ife.

Naannoo gaarotaa Phaaraan irraa ulfinaan ni ife,+

Qulqulloonni kumaatama hedduu* taʼan isaa wajjin jiru turan,+

Loltoonni isaas karaa harka mirgaa isaa jiru turan.+

 3 Inni saba isaa ni jaallate;+

Qulqulloonni isaanii hundis harka kee keessa jiru.+

Isaan miila kee jala taaʼaniiru;+

Dubbii kees dhagaʼuu jalqabaniiru.+

 4 (Museen gumii Yaaqoobiif dhaala godhee,+

Ajaja isa seera taʼe nuuf kenneera.)+

 5 Yommuu dura buutonni sabichaa,

Guutummaa gosoota Israaʼelii wajjin+ walitti qabamanitti,+

Inni Yeshuurun*+ keessatti mootii taʼe.

 6 Ruuben haa jiraatu malee, duʼee hin dhumin;+

Lakkoofsi namoota isaatiis hin xinnaatin.”+

 7 Yihudaas akkana jedhee eebbise:+

“Yaa Yihowaa, sagalee Yihudaa dhagaʼi;+

Gara saba isaattis isa deebisi.

Irreen isaa wanta kan isaa taʼeef eegumsa godheera;*

Atis diinota isaa irraa isa eegi.”+

 8 Waaʼee Leewwii akkana jedhe:+

“Tuumiimii fi Uuriimiin+ kee* kan nama siif amanamaa taʼe,+

Kan isa ati Maasaatti qorte sanaa ti.+

Atis bishaan Mariibaa biratti isa loluu jalqabde;+

 9 Inni isa abbaa isaa fi haadha isaatiin, ‘Ani isin hin kabaju’ jedhe sana dha.

Inni obboloota isaatiif illee beekamtii hin kennine;+

Ilmaan isaas ni dhiise.

Isaan dubbii kee eeganiiru;

Kakuu kees kabajaniiru.+

10 Isaan heerawwan kee Yaaqoobiin,+

Seera kees Israaʼeliin haa barsiisan.+

Urgaan isaa kan gammachiisu godhanii ixaana siif* haa dhiheessan,+

Aarsaa guutummaatti dhihaatus iddoo aarsaa kee irratti haa dhiheessan.+

11 Yaa Yihowaa, jabina isaa eebbisi,

Hojii harka isaattis gammaddi.

Warri isa jibban lammata akka hin kaanetti,

Luka* warra isa irratti kaʼanii caccabsi.”

12 Waaʼee Biiniyaam akkana jedhe:+

“Inni Yihowaa biratti jaallatamaa taʼe sun tasgabbiidhaan isa bira haa jiraatu;

Guyyaa guutuu inni dahoo isaaf ni taʼa;

Inni gateettiiwwan isaa gidduu ni jiraata.”

13 Waaʼee Yoseef akkana jedhe:+

“Yihowaan lafa isaa haa eebbisu,+

Wantoota filatamoo samiitiin,

Fixeensaa fi bishaan burqaawwan lafa jalaatiin,+

14 Wantoota filatamoo aduudhaan guddataniin,

Firii filatamaa jiʼa jiʼaan argamuun,+

15 Wantoota hunda caalaa filatamoo gaarota bara durii* irraa argamaniin,+

Wantoota filatamoo tulloota dhaabbataa taʼaniin,

16 Wantoota filatamoo lafa irra jiranii fi wantoota ishii keessa guutaniin,+

Eebba isa harangamaa* keessatti mulʼate sanaatiinis si haa eebbisu.+

Isaan mataa Yoseef irratti,

Gonfoo mataa isa obboloota isaa keessaa filatame sanaa irratti haa buʼan.+

17 Simboon isaa akka simboo qotiyyoo jalqaba dhalatee,

Gaanfonni isaas akka gaanfota gafarsaa ti.

Inni isaanitti fayyadamee saboota,

Hunduma isaaniis gara andaara lafaatti ni dhiiba.*

Isaan raayyaawwan Efreem warra kumaatama kudhan taʼan,+

Raayyaawwan Minaasee warra kumaatama taʼani dha.”

18 Waaʼee Zaabiloon akkana jedhe:+

“Yaa Zaabiloon, gad baʼuu keetti gammadi,

Atis yaa Yisaakor, dunkaanota kee keessatti gammadi.+

19 Isaan gara gaarichaatti namoota ni waamu.

Achittis aarsaawwan qajeelummaa ni dhiheessu.

Isaan qabeenya hedduu galaanotaa,

Qabeenya dhokfamaa cirracha keessaas ni sooratu.”*

20 Waaʼee Gaad akkana jedhe:+

“Inni daangaawwan Gaad balʼisu eebbifamaa dha.+

Inni akka leencaatti achi ni ciisa,

Harka kutuuf, eeyyee, mataa kutuuf qophaaʼaa dha.

21 Inni gaʼee jalqabaa ofii isaatiif ni filata,+

Sababiin isaas, qoodni isa seera kennu sanaa achi kaaʼameera.+

Mataan namootaa walitti ni qabama.

Inni qajeelummaa Yihowaa,

Israaʼeliifis heera isaa ni raawwachiisa.”

22 Waaʼee Daan akkana jedhe:+

“Daan ilmoo leencaa ti.+

Inni Baashaan keessaa utaalee ni baʼa.”+

23 Waaʼee Niftaalem akkana jedhe:+

“Niftaalem gaarummaa quufeera,

Eebba Yihowaatiinis guutameera.

Ati dhihaa fi kibba dhaalaan fudhadhu.”

24 Waaʼee Asheer akkana jedhe:+

“Asheer ilmaaniin haa eebbifamu.

Inni obboloota isaa biratti jaallatamaa haa taʼu;

Miila isaas zayitii keessa haa cuuphu.*

25 Cufaan karra keetii sibiilaa fi sibiila diimaa dha;+

Umurii kee guutuus tasgabbii ni qabaatta.*

26 Kan akka Waaqa dhugaa+ Yeshuurun,+

Isa si gargaaruuf samii keessa gulufu,

Isa ulfina isaatiin duumessoota irra gulufu+ sanaa tokko illee hin jiru.

27 Waaqayyo bara duriitii jalqabee dahoo dha;+

Irreen isaa inni bara baraas si jala jira.+

Inni si duraa diina ni ariʼa;+

Akkasumas, ‘Haxaaʼii isaan balleessi!’ jedha.+

28 Biyya midhaanii fi daadhii wayinii haaraa,+

Isa samiin isaa fixeensa coccophsu keessatti,+

Israaʼel tasgabbiidhaan ni jiraata,

Burqaan Yaaqoobis kophaa isaa ni jiraata.

29 Yaa Israaʼel, ati gammadaa dha!+

Sabni akka kee+

Yihowaa biraa fayyina argate eenyu?+

Inni gaachana+ eegumsaa kee,

Goraadee kee isa ulfina qabeessa taʼe dha.

Diinonni kee si duratti ni hollatu,+

Atis dugda* isaanii irra ni ejjetta.”

34 Achiis Museen gammoojjii Moʼaab irraa kaʼee gara Gaara Neboo+ isa fiixee Phisgaa+ irratti, Yerikoo+ fuulleetti argamutti ol ni baʼe. Yihowaanis guutummaa biyyattii, jechuunis Giiliyaadii hamma Daanitti,+ 2 guutummaa Niftaalem, biyya Efreemii fi Minaasee, guutummaa biyya Yihudaa hamma galaana dhihaatti,*+ 3 akkasumas Negeebii+ fi koonyaa Yordaanos,+ dirree sulula Yerikoo dabalatee magaalaa muka meexxii hamma Zoʼaaritti+ isatti ni argisiise.

4 Achiis Yihowaan akkana isaan jedhe: “Biyyi ani, ‘Sanyii keetiif nan kenna’+ jedhee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakadhe kana dha. Ija keetiin akka ilaaltu nan godha; garuu achitti hin ceetu.”+

5 Sana booda Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe akkuma Yihowaan jedhetti achuma biyya Moʼaab keessatti ni duʼe.+ 6 Innis sulula isa biyya Moʼaab keessa, Beet Peʼoor gamatti argamu keessatti isa ni awwaale; hamma harʼaatti awwaalli isaa eessa akka taʼe namni beeku hin jiru.+ 7 Museen yeroo duʼetti umuriin isaa waggaa 120 ture.+ Yeroo kanatti ijji isaa hin dadhabne, humni isaas hin laafne. 8 Namoonni Israaʼelis gammoojjii Moʼaab keessatti guyyaa 30f Museedhaaf ni booʼan.+ Achiis guyyaan Museedhaaf itti booʼamuu fi itti gaddamu ni xumurame.

9 Museen harka isaa isa irra kaaʼee waan tureef,+ Iyyaasuun ilmi Nuun nama hafuura ogummaatiin guutame ture; Israaʼelonnis isa dhagaʼuu jalqaban; akkuma Yihowaan Musee ajajes ni godhan.+ 10 Haa taʼu malee, raajiin kan akka Musee Yihowaan fuulaa fuulatti beeke+ sana booda matumaa Israaʼel keessatti hin kaane.+ 11 Inni mallattoowwanii fi dinqiiwwan Yihowaan biyya Gibxii keessatti Faraʼoon irratti, tajaajiltoota isaa hundumaa fi guutummaa biyya isaa irratti akka raawwatu isa erge hundumaa raawwateera;+ 12 kana malees, Museen guutummaa Israaʼel duratti harka jabaa fi humna dinqisiisaa argisiiseera.+

Kal., “ilmaan Israaʼelitti.”

Ykn., “Oog mootii Baashaan isa Ashtaarotii fi Edraay keessa jiraachaa ture.”

Kun gaarreen wal qabatoo Libaanon kan argisiisu taʼuu hin oolu.

Ykn., “Laga Gogaa.”

Kal., “garaan keenya akka baqu godhaniiru.”

Kal., “guutummaatti.”

Ykn tarii, “Waaqayyo isa jabeesseera.”

Ykn., “tuttuqxanii isaan hin aarsinaa.”

Ykn., “Laga Gogaa.”

Ykn., “Laga Gogaa.”

Ykn., “Laga Gogaa.”

Jechuunis, Qarxees.

Ykn., “Laga Gogaa.”

Ykn., “akka warra ciniinsifataniittis ni dhukkubsatu.”

Kal., “hafuurri isaa.”

Ykn., “Laga Gogaa.”

Ykn., “Laga Gogaa.”

Ykn., “Laga Gogaa.”

Ykn., “pilaatoo.”

Ykn., “Saanduqni.”

Ykn tarii, “dhagaa gurraacha.”

Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “Laga Gogaa.”

“Gandeen Dunkaanaa Yaaʼir” jechuu dha.

Ykn., “Laga Gogaa.”

Jechuunis, Galaana Duʼaa.

Ykn., “lubbuu keessaniif xiyyeeffannaa guddaa kennaa.”

Kal., “garaa samii.”

Kal., “Jechoota Kurnan.”

Ykn., “lubbuu keessaniif xiyyeeffannaa guddaa kennaa.”

Ykn., “dhaala.”

Jechuunis, midijjaa.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “pilaatoo.”

Ykn., “Laga Gogaa.”

Jechuunis, Galaana Soogiddaa ykn Galaana Duʼaa.”

Ykn., “Anaan diduudhaan.” Kal., “Fuula koo duratti.”

Kal., “karrawwan.”

Ykn., “gaarii akka siif taʼuuf.”

Kal., “dubbiiwwan.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “qabeenya.”

Ykn., “ijoollee keetiif irra deddeebiʼi.”

Kal., “ija kee lamaan gidduu.”

Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.

Kal., “Yihowaa duratti.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “qabeenya iddoo guddaa qabu.”

Kal., “harka.”

Kal., “firii gadameessa keetii eebbisuudhaan.”

Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.

Kal., “nyaattee ni fixxa.”

Kal., “ijji kee isaaniif hin gaddin.”

Ykn tarii, “jeequmsa; sodaa.”

Ykn., “bishaan lageen gogaa.”

Ykn., “maddawwan bishaanii gad fagoo taʼan.”

Ykn., “qaanjibbuun.”

Ykn., “baastuu.”

Kal., “boqu jabeessa.”

Ykn., “gumichaatti.”

Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”

Kal., “boqu jabeessa.”

Ykn., “dhaala kee.”

Ykn., “dhaala kee.”

Ykn., “saanduqa.”

Kal., “Jechoota Kurnan.”

Ykn., “gumichaatti.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “kana booda boquu keessan jabeessuu dhiisaa.”

Ykn., “warra.”

Ykn., “lubbuu.”

Ykn., “hamma guyyaa kanaatti.”

Kun humna miilaatiin geengoo humna bishaaniitiin sochoʼutti fayyadamanii ykn boʼoowwan bishaanii tolchuu fi banuudhaan bishaan obaasuu argisiisa.

Kal., “sulula dirreewwanii.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “ija keessan lamaan gidduutti.”

Jechuunis, Galaana Guddaa, Meditiraaniyaa.

Ykn., “kenni.”

Ykn., “lixa biiftuutiin.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “harka kudhan keessaa harka tokko.”

Ykn., “wanta sirrii akka taʼetti yaadu.”

Kal., “karrawwan.”

Kal., “karrawwan.”

Kal., “karrawwan.”

Kal., “karrawwan.”

Ykn., “lubbuun kee.”

Kal., “karrawwan.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “michuu kee isa akka lubbuu kee taʼe.”

Ykn., “wanta dhorkamee qulqulluu godhame.”

Ykn., “sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼi.”

Kal., “ija keessan lamaan gidduu.” Ykn., “adda keessan.”

Ykn., “qabeenya iddoo guddaa qabu.”

Ykn., “ilbiisni.”

Kal., “karrawwan.”

Ykn., “kurnoo.”

Ykn., “wanta lubbuun kee barbaadde.”

Ykn., “wanta lubbuun kee si gaafatte.”

Ykn., “warri jalaa duʼanii.”

Ykn., “qabsiisaan liqeessita.”

Ykn., “qabsiisaan liqeessi.”

Kal., “qotiyyoo.”

Kal., “Karrawwan.”

Kutaa Dabalataa B15 ilaali.

Ykn., “Yeroo murtaaʼaa.”

Kal., “karrawwan.”

Ykn., “warri jalaa duʼanii.”

Ykn., “Bakka Yeroo Muraasaaf Keessa Turanii.”

Ykn., “Bakka Yeroo Muraasaaf Keessa Turanii.”

Kal., “Karrawwan.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “afaan.”

Ykn., “maraa kitaabaa.”

Jechuunis, bakka Yihowaan wiirtuu waaqeffannaa akka taʼuuf filatu.

Ykn., “lubbuun isaa yoo barbaadde.”

Kal., “ibidda keessa dabarsu.”

Ykn., “gumichaatti.”

Kal., “garaan isaa waan hoʼeef.”

Ykn., “lubbuu isaa.”

Kal., “Ijji kee.”

Kal., “irratti kaʼamuu.”

Kal., “afaan.”

Kal., “Ijji kee.”

Ykn., “akka baqu.”

Jechuunis, harqoonni, qambarri.

Ykn., “laga gogaa.”

Ykn., “bakka lubbuun ishii barbaadde.”

Kal., “ishiin tokko kan jaallatamtu, ishiin tokko immoo kan jibbamtu.”

Ykn., “nyaatee kan hin quufnee.”

Ykn., “tuffate.”

Ykn., “tuffatee.”

Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “qamisii abbaa isaa ni soqola.”

Ykn., “xuraaʼaa.”

Ykn., “mindaa.”

Kal., “saree.”

Kal., “tuffatee.”

Ykn., “lubbuu.”

Ykn., “lubbuu.”

Jechi Afaan Ibrootaa “dhukkuba nadaayii” jedhamee hiikame hiika balʼaa kan qabuu fi dhukkuboota gogaa daddarboo taʼan adda addaa kan dabalatu dha. Tarii dhukkuboota uffata irrattii fi mana keessatti argaman kan dabalatu taʼuu dandaʼa.

Kal., “karrawwan.”

Ykn., “lubbuun.”

Ykn., “warri jalaa duʼanii.”

Jechuunis, nadoo ykn ladoo.

Kal., “maqaan isaa.”

Kal., “Ijji kee.”

Kal., “Eefaa tokkoo fi eefaa tokko.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “firii.”

Ykn tarii, “badaa jiru.”

Ykn., “warri jalaa duʼaniif.”

Kal., “karrawwan.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “qabeenya iddoo guddaa qabu.”

Ykn., “nooraa dibi.”

Ykn., “nooraa dibaa.”

Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”

Ykn., “nama hojii mukaa fi sibiilaa hojjetuun.”

Ykn., “Haa taʼu!”

Ykn., “warri jalaa duʼan.”

Kal., “qamisii abbaa isaa soqoleera.”

Ykn., “lubbuu dhiiga qulqulluu.”

Ykn., “rukutuuf.”

Kal., “Firiin gadameessa keetii.”

Kal., “Firiin gadameessa keetii.”

Kal., “sitti mammaaku.”

Ykn., “Ilbiisonni huursan.”

Kal., “karrawwan.”

Kal., “firii gadameessa keetii.”

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Kal., “isa akka gaariitti bishaan obaafame, isa gogaa taʼee wajjin.”

Kal., “isaaniif hin ramadamne.”

Kal., “yommuu gara garaa keetti deebistee isaan fiddu.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “dhaqna ni qaba.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “gad baʼuu fi ol seenuu.”

Ykn., “Bakka Yeroo Muraasaaf Keessa Turan.”

Kal., “warra xixiqqoo.”

Kal., “karrawwan.”

Ykn., “dunkaana walgaʼiitti iddoo keessan qabadhaa.”

Kal., “abbootii kee wajjin ciisuuf.”

Kal., “afaan isaanii keessa kaaʼaa.”

Kal., “coccoomoo.”

Waaqayyoon kan argisiisu taʼuu hin oolu.

Kal., “boqu jabina.”

Ykn tarii, “sanyii ilmaan namootaa.”

Jechuunis, goflaa.

Jechuunis, Yaaqoob.

Kal., “Cooma hoolotaa.”

Kal., “Cooma kalee qamadii.”

Ykn., “cuunfaa.”

“Isa Qajeelaa” jechuu yeroo taʼu, maqaa ulfinaa Israaʼeliif kenname dha.

Ykn., “hinaaffaadhaaf.”

Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn tarii, “gorsaaf duudaa taʼani.”

Ykn., “isaatti ni gaabba.”

Ykn., “aarsaawwan isaanii warra hunda irra caalan.”

Ykn., “Biyya saba isaa waan qulqulleessuuf.”

Maqaa Iyyaasuu isa jalqabaa. Hosheʼaan maqaa gabaabaa Hoshaayaa yeroo taʼu, Hoshaayaa jechuun, “Yaah kan Oolche; Yaah ni Oolche” jechuu dha.

Kun jechama duʼa argisiisuuf oolu dha.

Ykn., “kuma kudhan siʼa hedduu.”

“Isa Qajeelaa” jechuu yeroo taʼu, maqaa ulfinaa Israaʼeliif kenname dha.

Ykn., “loleera.”

Caqasa kana irratti jechoonni, “kee” fi “siif” jedhan Waaqayyoon argisiisu.

Kal., “funyaan kee keessatti.”

Ykn., “Luqqeettuu.”

Ykn tarii, “gaarreen bahaa.”

Muka akka hiddaa taʼee fi qoree qabu.

Ykn., “ni waraana.”

Kal., “ni hodhu.”

Ykn., “zayitiidhaan haa dhiqatu.”

Kal., “Jabinni kees akkuma guyyoota kee ni taʼa.”

Ykn tarii, “iddoowwan ol kaʼoo.”

Jechuunis, Galaana Guddaa, Meditiraaniyaa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi