LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt Hisqi’el 1:1-48:35
  • Hisqiʼel

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hisqiʼel
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hisqiʼel

HISQIʼEL

1 Waggaa 30ffaatti, jiʼa arfaffaa keessaa guyyaa shanaffaatti, utuman laga Kebaar+ bira namoota boojiʼaman+ gidduu jiruu, samiiwwan ni banaman; anis mulʼata Waaqayyo biraa dhufe nan arge. 2 Jiʼicha keessaa guyyaa shanaffaatti, jechuunis Yehoyaakiin+ Mootichi boojuudhaan fudhatamee waggaa shanaffaatti, 3 biyya Kaladootaa+ keessatti laga Kebaar biratti dubbiin Yihowaa gara Hisqiʼel* ilma Buzii lubichaa ni dhufe. Achitti harki Yihowaa isa irratti ni dhufe.+

4 Utuman ilaalaa jiruus, bubbee cimaan+ tokko kaaba irraa yommuu dhufu nan arge; duumessi guddaanii fi ibiddi*+ ifa cimaadhaan marfame jira ture; ibiddicha gidduudhaas wanti sibiila calaqqisu* fakkaatu tokko ni baʼe.+ 5 Isa keessas wantoonni uumamawwan jiraatoo+ afur fakkaatan jiru turan; bifti tokkoon tokkoon isaaniis bifa namaa fakkaata ture. 6 Tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afurii fi qoochoo* afur afur qabu turan.+ 7 Miilli isaanii sorooroo ture; faanni miila isaanii kottee jabbii fakkaata ture; isaan akkuma ifa sibiila diimaa cululuqfameetti calaqqisu turan.+ 8 Kallattiiwwan arfaniin qoochoo isaanii jalaa harka namaa qabu turan; arfan isaanii fuulawwanii fi qoochoowwan qabu turan. 9 Qoochoowwan isaanii wal tuqu turan. Isaan yommuu deeman duubatti hin garagalan turan; tokkoon tokkoon isaanii kallattiidhaan fuulduratti deemu turan.+

10 Fuulli isaanii kana fakkaata ture: Arfan isaanii iyyuu karaa mirgaatiin fuula namaa fi fuula leencaa,+ karaa bitaatiin immoo fuula qotiyyoo+ qabu turan; arfan isaanii iyyuu fuula risaa+ qabu turan.+ 11 Fuulli isaanii kana fakkaata ture. Qoochoowwan isaanii ol diriirfamanii turan. Tokkoon tokkoon isaanii qoochoowwan wal tuqan lama lamaa fi qoochoowwan qaama isaanii uwwisan lama lama qabu turan.+

12 Tokkoon tokkoon isaanii gara hafuurichi akka deeman isaan kakaasu hundumaatti kallattiidhaan fuulduratti deemu turan.+ Yommuu deemanis duubatti hin garagalan turan. 13 Uumamawwan jiraatoon kun bifa barbadaa* ibiddaa fakkaatu qabu turan; wanti guca bobaʼu fakkaatus uumamawwan jiraatoo kana gidduu asii fi achi deema ture; bakakkaanis ibiddicha keessaa balaqqeessaʼaa ture.+ 14 Uumamawwan jiraatoon sun yommuu asii fi achi deeman, sochiin isaanii balaqqeessa bakakkaa fakkaata ture.

15 Uumamawwan jiraatoo kana yommuun ilaalus, tokkoon tokkoon uumamawwan jiraatoo fuula afur afur qaban kana biratti lafa irratti geengoo tokko tokko nan arge.+ 16 Geengoowwan kunii fi bocni isaanii akkuma kirisoliixositti* calaqqisa ture; arfan isaaniis wal fakkaatu turan. Bifti isaanii fi bocni isaanii geengoo wal keessa jiru fakkaata ture.* 17 Isaan yommuu sochoʼan utuu duubatti garagaluun isaan hin barbaachisin kallattii arfaniin iyyuu deemuu dandaʼu turan. 18 Geengoowwan sun baayʼee dhedheeroo waan taʼaniif nama ajaaʼibsiisu turan; qarqarri arfan isaaniis ijaan kan marfame ture.+ 19 Yommuu uumamawwan jiraatoon kun sochoʼan hundumaatti geengoowwan sunis isaanii wajjin sochoʼu turan; yommuu uumamawwan jiraatoon kun lafa irraa ol kaʼanitti geengoowwan sunis ol kaʼu turan.+ 20 Isaan bakka hafuurichi dhaqu hundumaatti, bakka hafuurichi akka deeman isaan kakaasu ni deemu turan. Hafuurri uumamawwan jiraatoo sana irratti hojjetu* geengoowwan sana keessas waan jiruuf, geengoowwan sunis isaanii wajjin ol kaʼu turan. 21 Yommuu isaan sochoʼan, kanneen kunis ni sochoʼu, yommuu isaan dhaabbatan immoo kanneen kunis ni dhaabbatu turan; yommuu isaan lafa irraa ol kaʼan geengoowwan sunis isaanii wajjin ol kaʼu turan; sababiin isaas, hafuurri uumamawwan jiraatoo sana irratti hojjetu geengoowwan sana keessas jira ture.

22 Mataa uumamawwan jiraatoo sanaatii olitti wanti diriiraan akka cabbii ajaaʼibsiisaa calaqqisu tokko jira ture; kunis mataa isaaniitii olitti diriiree jira ture.+ 23 Wanta diriiraa sana jalatti qoochoowwan isaanii gara waliitti jedhanii ol* diriiranii jiru turan. Tokkoon tokkoon isaanii qoochoowwan gara isa tokkoon ittiin of uwwisan lama lamaa fi qoochoowwan gara isa kan biraatiin ittiin of uwwisan lama lama qabu turan. 24 Sagalee qoochoowwan isaanii yommuun dhagaʼus, sagaleen sun akkuma sagalee huursaa bishaanii, akkuma sagalee Isa Hundumaa Dandaʼu sanaa ture.+ Isaan yommuu sochoʼan, sagaleen isaanii akkuma sagalee raayyaa waraanaa ture. Yommuu dhaabbatan qoochoowwan isaanii gad buusu turan.

25 Wanta diriiraa mataa isaaniitii olitti argamu gubbaadhaa sagaleen tokko ni dhagaʼama ture. (Yommuu dhaabbatan qoochoowwan isaanii gad buusu turan.) 26 Wanta diriiraa mataa isaaniitii olitti argamu sana gubbaa wanti akka dhagaa safiroos*+ taʼe tokko jira ture; innis teessoo fakkaata ture.+ Teessoo ol gubbaa jiru sana irras bifti isaa nama kan fakkaatu tokko taaʼee ture.+ 27 Wanta mudhii isaa fakkaatuu fi sanaa olitti argamu irraa wanta akka sibiila calaqqisuu+ taʼee fi akka ibiddaa ifu tokko nan arge; mudhii isaatii gadittis wanta ibidda fakkaatu tokko nan arge.+ Ifni guddaan tokko isatti marsee jira ture; 28 ifni sunis sabbata waaqaa+ guyyaa bokkaan roobutti duumessa keessaa mulʼatu fakkaata ture. Ifni guddaan isatti marsee jiru sun kana fakkaata ture. Inni bifa ulfina Yihowaa fakkaata ture.+ Anis yommuun kana argetti adda kootiin nan gombifame; achiis sagalee dubbachaa jiru tokko dhagaʼuun jalqabe.

2 Achiis inni, “Yaa ilma namaa,* sii wajjin akkan dubbadhuuf miila keetiin dhaabbadhu”+ naan jedhe. 2 Yommuu inni natti dubbatus, hafuurri na keessa seenee isa natti dubbachaa jiru sana dhagaʼuu akkan dandaʼuuf miila kootiin na dhaabe.+

3 Achiis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, ani gara saba Israaʼel, gara saboota finciltoota taʼanii fi na irratti fincilan+ sanaatti sin erga.+ Isaanis taʼan abbootiin isaanii hamma harʼaatti illee cubbuu na irratti raawwachaa jiru.+ 4 Ani gara ilmaan hin ajajamnee* fi mata jabeeyyii taʼanitti sin erga;+ atis, ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha’ isaaniin jedhi. 5 Isaan finciltoota+ waan taʼaniif, dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis, raajiin isaan gidduu akka ture dhugumaan ni beeku.+

6 “Ati garuu yaa ilma namaa, sokorruu fi qoreedhaan kan marfamte,+ torbaanqabaa* gidduus kan jiraattu* yoo taʼe illee, isaaniinis taʼe dubbii isaanii hin sodaatin.+ Isaan finciltoota waan taʼaniif, dubbii isaanii hin sodaatin;+ fuulli isaaniis si hin naasisin.+ 7 Isaan finciltoota waan taʼaniif, dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis ati dubbii koo isaanitti himuu qabda.+

8 “Ati garuu yaa ilma namaa, wantan sitti himu dhagaʼi. Ati akka namoota finciltoota taʼan kanaa finciltuu hin taʼin. Afaan kee baniitii wantan siif kennu nyaadhu.”+

9 Yommuun ilaalus, harka gara kootti diriirfame tokko nan arge;+ harka sana irrattis maraa kitaabaa+ irratti barreeffame tokko nan arge. 10 Yommuu inni na duratti isa diriirsuttis maraan kitaabaa sun fuulduraa fi duubaan irratti barreeffamee ture.+ Faaruun gaddaa, booʼichii fi iyyi irratti barreeffamee ture.+

3 Achiis inni, “Yaa ilma namaa, wanta si dura jiru* nyaadhu. Maraa kitaabaa kana nyaadhuutii dhaqii mana Israaʼelitti dubbadhu”+ naan jedhe.

2 Kanaafuu, afaan koo nan bane; innis maraa kitaabaa kana afaan na kaaʼe. 3 Itti fufuudhaanis, “Yaa ilma namaa, maraa kitaabaa ani siif kenne kana nyaadhuutii garaa kee ittiin guuttadhu” naan jedhe. Anis nan nyaadhe; innis afaan koo keessatti akka dammaa kan miʼaawu ture.+

4 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, mana Israaʼel gidduu deemiitii dubbii koo isaanitti himi. 5 Sababiin isaas, ati kan ergamte gara saba afaan hubachuuf rakkisaa taʼe yookiin gara saba afaan hin beekamne dubbatutti utuu hin taʼin, gara mana Israaʼelitti dha. 6 Ati kan ergamte gara saboota hedduu afaan hubachuuf rakkisaa taʼe yookiin afaan hin beekamne dubbatan warra ati jechoota isaanii hubachuu hin dandeenyetti miti. Utuun gara isaanitti si ergeera taʼee, isaan si dhagaʼu turan.+ 7 Manni Israaʼel garuu na dhagaʼuu waan hin barbaanneef, si hin dhagaʼan.+ Warri mana Israaʼel keessa jiran hundi boqu jabeeyyii fi mata jabeeyyii dha.+ 8 Kunoo, ani fuulli kee akkuma fuula isaanii jabaa akka taʼu, addi kees akkuma adda isaanii jabaa akka taʼu godheera.+ 9 Adda kee akkuma almaazii godheera; dhagaa jabaa caalaas cimaa godheera.+ Isaan finciltoota waan taʼaniif, isaan hin sodaatin yookiin fuulli isaanii si hin naasisin.”+

10 Itti fufuudhaanis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, dubbii koo isan sitti dubbadhu hundumaa dhagaʼi, garaattis qabadhu. 11 Namoota* saba keetii warra boojiʼaman+ gidduu deemiitii isaanitti dubbadhu. Isaan yoo dhagaʼanis dhagaʼuu yoo didanis,+ ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha’ isaaniin jedhi.”

12 Hafuurri tokkos ol na kaase;+ anis duuba kootii sagalee guddaan gungumu tokko, “Ulfinni Yihowaa iddoo isaa irraa haa jajamu” utuu jedhuu nan dhagaʼe. 13 Sagaleen qoochoon uumamawwan jiraatoo sanaa yommuu walitti buʼu uumamuu+ fi sagaleen geengoowwan isaan bira jiran sanaa,+ akkasumas sagaleen gungummii guddaa tokko ni dhagaʼama ture. 14 Hafuurichis ol kaasee na fudhate; anis gaddaa fi aariidhaan gubachaa nan deeme;* harki Yihowaa inni cimaanis na irra buufatee ture. 15 Kanaafuu, ani gara namoota boojiʼamanii fi Teel Abiib keessa laga Kebaar+ bira jiraatan sanaa dhaqeen bakka isaan jiraatan sana taaʼe; guyyaa torbaafis hadoodeen+ isaan gidduu taaʼe.

16 Guyyaan torba yeroo xumuramuttis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:

17 “Yaa ilma namaa, ani mana Israaʼel irratti waardiyyaa godhee si muudeera;+ dubbii afaan koo keessaa baʼu yommuu dhageessu, isaaniin naaf akeekkachiisi.+ 18 Yommuu ani nama hamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhutti, ati immoo yoo isa akeekkachiisuu baatte, akkasumas inni lubbuudhaan jiraachuu akka dandaʼuuf+ daandii isaa isa hamaa irraa akka deebiʼu nama hamaa sana akeekkachiisuuf yoo dubbachuu dhiiste, inni hamaa waan taʼeef balleessaa isaatiin ni duʼa;+ dhiiga isaa garuu si irraa nan barbaada.*+ 19 Haa taʼu malee, nama hamaa tokko yoo akeekkachiiste, inni garuu hammina isaa fi daandii isaa isa hamaa irraa deebiʼuu yoo dide, inni balleessaa isaatiin ni duʼa, ati garuu dhugumaan lubbuu kee ni oolfatta.+ 20 Garuu, namni qajeelaan tokko qajeelummaa isaa dhiisee balleessaa yoo raawwate,* ani wanta isa gufachiisu isa dura nan kaaʼa, innis ni duʼa.+ Ati yoo isa akeekkachiisuu baatte, inni cubbuu isaatiin ni duʼa, gochi qajeelummaa isaas hin yaadatamu; dhiiga isaa garuu si irraa nan barbaada.*+ 21 Haa taʼu malee, nama qajeelaa sana yoo akeekkachiiste, innis yoo cubbuu hojjechuu baate, akeekkachiisni waan isaaf kennameef inni dhugumaan jiraachuu isaa itti fufa;+ atis lubbuu kee ni oolfatta.”

22 Achittis harki Yihowaa na irratti ni dhufe; innis, “Kaʼiitii gara dirree sulula keessa jiru sanaa dhaqi; anis achitti sii wajjin nan dubbadha” naan jedhe. 23 Kanaafuu, kaʼee gara dirree sulula keessa jiru sanaa nan dhaqe; kunoo, ulfinni Yihowaa inni akka ulfina ani laga Kebaar biratti arge+ sanaa fakkaatu achi jira ture;+ anis adda kootiin nan gombifame. 24 Achiis, hafuurri na keessa seenee miila kootiin na dhaabe;+ innis akkana jedhee natti dubbate:

“Mana keetti seeniitii balbala cufadhu. 25 Yaa ilma namaa, isaan akka ati isaan gidduutti gad baʼuu hin dandeenyeef wadaroo sitti maranii ittiin si hidhu. 26 Anis arrabni kee laagaa keetti akka maxxanu nan godha; atis duudaa taata; isaan finciltoota waan taʼaniif, ati isaan akeekkachiisuu hin dandeessu. 27 Yommuun sii wajjin dubbadhu garuu afaan kee nan bana; atis, ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha’ isaaniin jedhi.+ Isaan finciltoota waan taʼaniif,+ namni dhagaʼu haa dhagaʼu,+ namni dhagaʼuu didus haa didu.

4 “Yaa ilma namaa, xuubii tokko fudhadhuutii of dura kaaʼi. Magaalaa tokko, jechuunis Yerusaalemiin isa irratti boci. 2 Ishiitti marsi,+ dallaa itti ijaari,+ ishiitti naannessii biyyoo tuuli,+ naannoo ishii buufadhu, meeshaa ittiin diiganis ishiitti marsi.+ 3 Eelee sibiilaa tokko fudhadhuutii akka dallaa sibiilaatti ofii fi magaalattii gidduu dhaabi. Achiis fuula kee itti naannessi; ishiin ni marfamti; atis ishiitti marsita. Kun mana Israaʼeliif mallattoo dha.+

4 “Achiis cinaacha kee isa bitaatiin ciisiitii yakka mana Israaʼel baadhu.+ Guyyoota cinaacha keetiin ciistutti yakka isaanii ni baatta. 5 Anis waggoota isaan yakka itti raawwatanii wajjin haala wal gituun guyyoota 390 si irratti nan ramada;+ atis yakka mana Israaʼel ni baatta. 6 Guyyoota kana xumuruu qabda.

“Achiis siʼa lammaffaadhaaf ni ciista; yeroo kanatti immoo cinaacha kee isa mirgaatiin ciista; yakka mana Yihudaas+ guyyoota 40f ni baatta. Anis tokkoon tokkoon waggaatiif guyyaa tokko tokko siif kenneera. 7 Atis harka kee irraa uffata sassaabbattee gara Yerusaalem ishii marfamte+ sanaatti fuula kee ni naannessita; raajiis ishii irratti dubbadhu.

8 “Kunoo, ani hamma guyyoonni ati ishiitti itti marsitu xumuramanitti cinaacha kee isa tokko irraa gara isa kan biraatti garagaluu akka hin dandeenyetti wadaroodhaan sin hidha.

9 “Atis qamadii, garbuu, baaqelaa, misira, bisingaa fi omborii* fuudhiitii miʼa tokko keessa kaaʼi; achiis daabboo ittiin tolfadhu. Guyyoota 390n cinaacha keetiin itti ciistu sanatti isa ni nyaatta.+ 10 Guyyaatti nyaata sheeqilii 20* madaaltee nyaatta. Isas saʼaatii dhaabbataa taʼetti nyaatta.

11 “Bishaanis safartee hiinii tokko keessaa harka jaʼa keessaa harka tokko* ni dhugda. Isas saʼaatii dhaabbataa taʼetti dhugda.

12 “Akkuma bixxillee garbuutti isa ni nyaatta; bobbaa namaa goge akka qoraaniitti fayyadamtee ijuma isaanii duratti isa tolchita.” 13 Yihowaan itti fufuudhaan, “Israaʼelonni saboota ani itti isaan bittinneessu gidduutti akka kanaan nyaata isaanii isa xuraaʼaa ni nyaatu”+ jedhe.

14 Anis, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, kun hin taʼin! Ani* ijoollummaa kootii jalqabee hamma ammaatti foon horii duʼee argamee yookiin foon horii bineensi cicciree nyaachuudhaan xuraaʼee hin beeku;+ akkasumas foon qulqulluu hin taane* afaaniin qabee hin beeku”+ nan jedhe.

15 Kanaafuu inni, “Tole, bobbaa namaatiin utuu hin taʼin koboota looniitti akka fayyadamtu siif heyyameera; atis daabboo kee isaan tolfatta” naan jedhe. 16 Achiis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, kunoo ani Yerusaalem keessaa karaa nyaanni ittiin argamu nan cufa;*+ isaanis daabboo isaaniif kennamu madaalliidhaan madaalanii dhiphina guddaadhaan nyaatu,+ bishaan isaaniif kennamus madaalliidhaan madaalanii sodaadhaan dhugu.+ 17 Kunis kan taʼu, hanqina nyaataa fi bishaaniitiin kan kaʼe naasuudhaan akka wal ilaalan, akkasumas balleessaa isaaniitiin kan kaʼe akka dhumaniifi.

5 “Yaa ilma namaa, ati garuu goraadee qara qabu fudhadhuutii akka haadduu nama rifeensa haaduutti itti fayyadami. Mataa kee fi areeda kee haaddadhu; achiis isa madaaluuf madaallii fudhadhuutii rifeensicha bakka adda addaatti qoqqoodi. 2 Guyyoonni magaalattiin itti marfamtu yommuu xumuramanitti+ rifeensicha irraa harka sadii keessaa harka tokko fuudhiitii magaalattii keessatti ibiddaan gubi. Achiis harka sadii keessaa harka tokko fudhattee naannoo magaalattiitti* goraadeedhaan ni rukutta;+ harka sadii keessaa harka tokko immoo bubbee keessa bittinneessita; anis isa ariʼuuf goraadee nan luqqifadha.+

3 “Rifeensicha keessaa muraasa isaa fuudhiitii dachaʼaa* uffata keetiin mari. 4 Achiis muraasa isaa fuudhii ibidda keessatti darbadhuutii gubi. Ibiddi iddoo kana irraa kaʼee gara guutummaa mana Israaʼelitti ni babalʼata.+

5 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kun Yerusaalemi. Ani ishiitti biyyoota marsee saboota gidduu ishii kaaʼeera. 6 Ishiin garuu sabootaa fi biyyoota naannoo ishiitti argaman hundumaa caalaa wanta hamaa taʼe raawwachuudhaan, heerawwanii fi dambiiwwan koo irratti fincilteetti.+ Sababiin isaas, sabichi heerawwan koo tuffataniiru, akka dambiiwwan koottis hin deddeebine.’

7 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Isin saboota naannoo keessanitti argaman caalaa rakkina kan uumtan waan taataniif, akka dambiiwwan kootti waan hin deddeebineef, heerawwan koos hojii irra waan hin oolchineef, kanaa mannaa, heerawwan saboota naannoo keessanitti argamanii waan hordoftaniif,+ 8 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa magaalaa nana, kunoo ani si irratti nan kaʼa;+ anumti saboota duratti si gidduutti murtii nan dabarsa.+ 9 Gochawwan kee warra jibbisiisoo taʼan hundumaatiin kan kaʼe, wantan matumaa kanaan dura raawwadhee hin beeknee fi lammatas hin raawwanne si keessatti nan raawwadha.+

10 “‘“Kanaafuu, abbootiin si gidduutti argaman ilmaan isaanii ni nyaatu,+ ilmaanis abbootii isaanii ni nyaatu; anis si gidduutti murtii nan dabarsa, warra si keessaa hafan hundumaas kallattii hundumaatiin* nan bittinneessa.”’+

11 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ati waaqolii tolfamoo kee warra balfamoo taʼanii fi gochawwan kee warra jibbisiisoo taʼan hundumaatiin iddoo koo isa qulqulluu waan xureessiteef,+ anis sin gata;* ijji koo siif hin gaddu; anis gara laafina sitti hin argisiisu.+ 12 Si keessaa harka sadii keessaa harki tokko golfaadhaan* ni duʼu yookiin beelaan si gidduutti ni dhumu. Harka sadii keessaa harki tokko naannoo keetti goraadeedhaan ni kufu.+ Harka sadii keessaa harka tokko immoo kallattii hundumaatiin* nan bittinneessa; isaan ariʼuufis goraadee nan luqqiffadha.+ 13 Sana booda aariin koo ni xumurama, dheekkamsi koos isaan irraa ni qabbanaaʼa, anis nan gammada.+ Yommuun dheekkamsa koo isaan irratti dhangalaasee xumuruttis, isaan kana kan dubbate ana Yihowaa isa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan cimsee barbaadu+ sana taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.

14 “‘Ani saboota naannoo keetti argaman gidduuttii fi nama achiin darbu hundumaa duratti iddoo diigamaa fi wanta arrabsamu sin godha.+ 15 Yommuun dheekkamsaan, aarii fi adaba cimaadhaan murtii si irratti dabarsutti, ati saboota naannoo keetti argaman duratti wanta arrabsamuu fi itti qoosamu,+ fakkeenya akeekkachiisaa fi wanta sodaachisu ni taata. Ani Yihowaan dubbadheera.

16 “‘Ani isaan balleessuuf, xiyya beelaa isa duʼa geessisu isaanitti nan erga. Xiyyi ani isinitti ergu sun isin onsa.+ Karaa nyaata ittiin argattan cufuudhaan* beelichi caalaatti akka isinitti hammaatu nan godha.+ 17 Beelaa fi bineensota bosonaa hamoo taʼan isinitti nan erga;+ isaanis ijoollee malee isin hambisu. Golfaanii fi dhiiga dhangalaasuun isin keessa ni guuta; anis goraadee isinitti nan fida.+ Ani Yihowaan dubbadheera.’”

6 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara gaarota Israaʼelitti naannessiitii isaan irratti raajii dubbadhu. 3 Akkana jedhi: ‘Yaa gaarota Israaʼel, dubbii Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa dhagaʼaa; Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan gaarotaan, tabbawwaniin, lageenii fi sululawwaniin akkana jedha: “Kunoo, ani isin irratti goraadee nan fida, iddoowwan keessan warra ol kaʼoos nan balleessa. 4 Iddoowwan aarsaa keessan ni diigamu, miʼawwan keessan warri ixaana itti aarsitanis ni caccabu;+ anis namoota keessan warra ajjeefaman waaqolii tolfamoo keessan warra balfamoo taʼan* duratti nan gata.+ 5 Reeffa namoota Israaʼel waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼan duratti nan gata; lafeewwan keessanis iddoowwan aarsaa keessanitti marsee nan bittinneessa.+ 6 Bakka jiraattan hundumaatti magaalonni ni onu,+ iddoowwan ol kaʼoon ni diigamu, onaniis ni hafu.+ Iddoowwan aarsaa keessan ni diigamu, ni caccabus, waaqoliin tolfamoon keessan warri balfamoo taʼan ni badu, miʼawwan keessan warri ixaana itti aarsitan ni mummuramu, hojiiwwan harka keessaniis haxaaʼamanii ni balleeffamu. 7 Warri ajjeefaman isin gidduutti ni kukkufu;+ isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+

8 “‘“Haa taʼu malee, namoonni muraasni akka hafan nan godha; sababiin isaas, yommuu biyyoota adda addaa keessatti saboota gidduu faffacaatanitti, isin keessaa tokko tokko goraadee jalaa ni miliqu.+ 9 Warri miliqanis saboota warra boojuudhaan itti fudhataman gidduu taaʼanii na yaadatu.+ Isaanis garaa isaanii isa amanamaa hin taane* isa na irraa gore+ sanaan, akkasumas ija isaanii isa waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼan kajeeluudhaan* duukaa buʼe+ sanaan kan kaʼe garaan koo cabuu isaa ni hubatu. Isaan wanta hamaa fi jibbisiisaa raawwatan hundumaatiin kan kaʼe ni qaanaʼu, wantoota kanas ni jibbu.+ 10 Isaan ani Yihowaa taʼuu koo, badiisa kana akkan isaan irratti fidu doorsisni ani dubbadhes soba akka hin taane dhugumaan ni hubatu.”’+

11 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Isaan goraadeedhaan, beelaa fi golfaadhaan kufuuf waan jedhaniif, harka kee walitti rukuti; miila keetiin lafa dhidhiiti; hamminaa fi wanta jibbisiisaa manni Israaʼel raawwate hundumaatiin kan kaʼes gadda kee ibsi.+ 12 Inni fagoo jiru golfaadhaan duʼa; inni dhihoo jirus goraadeedhaan kufa; namni wantoota kana jalaa miliqee lubbuudhaan hafe kam iyyuus beelaan duʼa; anis guutummaatti dheekkamsa koo isaan irratti nan dhangalaasa.+ 13 Waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼan gidduutti, naannoo iddoowwan aarsaa isaaniitti,+ tabba ol kaʼaa hundumaa fi fiixee gaarota hundumaa irratti, muka lalisaa hundumaa jalatti, akkasumas dameewwan mukeetii guguddoo warra waaqolii isaanii warra balfamoo taʼan hundumaa gammachiisuuf aarsaawwan urgaaʼan* itti dhiheessan+ jalatti yommuu reeffi isaanii kukkufu, isin ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+ 14 Ani harka koo isaan irratti diriirsee biyyattii ona nan godha; iddoowwan jireenyaa isaanii hundis lafa onaa Diblaa biratti argamu caalaa ona ni taʼu. Isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’”

7 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan biyya Israaʼeliin akkana jedha: ‘Dhumni dhufeera! Goleewwan biyyattii arfan irratti dhumni dhufeera. 3 Dhumni si irratti dhufeera; anis dheekkamsa koo si irratti nan dhangalaasa; akka daandiiwwan keetti sitti nan murteessa; wantoota jibbisiisoo raawwatte hundumaatiifis sin adaba. 4 Ijji koo siif hin gaddu; anis gara laafina sitti hin argisiisu;+ sababiin isaas, ani akka daandiiwwan keetti siif nan deebisa; atis wanta gochawwan kee warra jibbisiisoo taʼaniin kan kaʼe si irra gaʼuun ni dhiphatta.+ Isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.’+

5 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, badiisni, badiisni adda taʼe tokko dhufaa jira.+ 6 Dhumni dhufaa jira; dhumni ni dhufa; inni si irratti ni kaʼa.* Kunoo, inni dhufaa jira. 7 Yaa isa biyyattii keessa jiraattu nana, dabareen* kee gaʼeera. Saʼaatichi gaʼeera, guyyichi dhihaateera.+ Gaarota irratti sagalee gammachuu utuu hin taʼin jeequmsatu dhagaʼama.

8 “‘Yeroo dhihootti aarii koo si irratti nan dhangalaasa,+ dheekkamsa koos guutummaatti si irratti nan gadhiisa;+ akka daandiiwwan keetti sitti nan murteessa, wantoota jibbisiisoo raawwatte hundumaatiifis sin adaba. 9 Ijji koo siif hin gaddu; anis gara laafina sitti hin argisiisu.+ Akka daandiiwwan keetti siif nan deebisa; atis wanta gochawwan kee warra jibbisiisoo taʼaniin kan kaʼe si irra gaʼuun ni dhiphatta. Isinis kan isin rukutaa jiru ana Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+

10 “‘Guyyichi kunoo ti! Inni dhufeera!+ Dabareen kee* gaʼeera; uleen sun daraareera, of tuulummaanis lateera. 11 Jeequmsi gara ulee hamminaatti guddateera.+ Isaan, qabeenyi isaanii, uummanni isaaniis taʼan beekamummaan isaanii badiisa jalaa hin oolan. 12 Yerichi ni dhufa, guyyichis ni gaʼa. Guutummaa uummata isaanii irratti dheekkamsi waan dhufeef,+ inni bitu hin gammadin, inni gurgurus hin gaddin.* 13 Mulʼatichi guutummaa uummatichaa irratti waan dhufeef, inni lubbuudhaan yoo oole illee, inni gurguru wanta gurgurametti hin deebiʼu. Eenyu iyyuu hin deebiʼu, balleessaa isaatiin kan kaʼes* namni tokko illee lubbuu isaa hin oolfatu.

14 “‘Isaan malakata afuufaniiru,+ namni hundis qophaaʼeera; haa taʼu malee, dheekkamsi koo guutummaa uummatichaa irratti waan dhufeef,+ namni tokko illee gara dirree waraanaa hin deemu. 15 Alaa goraadeetu jira,+ keessaa immoo golfaa fi beelatu jira. Namni dirree keessa jiru kam iyyuu goraadeedhaan duʼa; beellii fi dhaʼichis warra magaalattii keessa jiran ni nyaata.+ 16 Isaan keessaa warri miliqanii oolan gaarotatti ol baʼu; tokkoon tokkoon isaaniis balleessaa isaaniitiin kan kaʼe akkuma gugee* sulula keessa jirtuutti ni aadu.+ 17 Harki isaanii hundi lamshaaʼee ni rarraʼa; jilbi isaanii hundi bishaaniin ni jiidha.*+ 18 Isaan uffata gaddaa uffataniiru;+ naasuunis isaan qabateera.* Tokkoon tokkoon namaa ni qaanaʼa, tokkoon tokkoon mataas ni molata.*+

19 “‘Isaan meetii isaanii daandii irratti gatu, warqiin isaaniis isaan biratti jibbamaa taʼa. Guyyaa dheekkamsa Yihowaatti meetiin isaaniis taʼe warqiin isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu.+ Inni* gufuu yakkamtoota isaan godhu waan taʼeef, isaan hin quufan, garaa isaaniis hin guuttatan. 20 Isaan faayawwan isaanii warra mimmiidhagootti boonaniiru; fakkiiwwan isaanii warra jibbisiisoo taʼanii fi waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼanis isaan* irraa tolchaniiru.+ Anis wanti kun isaan duratti wanta jibbamaa akka taʼu kanan godhu kanaafi. 21 Akka inni saamamuuf harka namoota biyya ormaatti, akka inni boojiʼamuufis harka namoota hamoo lafa irra jiraniitti dabarsee isa* nan kenna; isaanis isa ni xureessu.

22 “‘Ani fuula koo isaan irraa nan deebisa;+ isaanis iddoo koo isa dhokataa* ni xureessu; saamtonnis itti seenanii isa ni xureessu.+

23 “‘Biyyattiin dhiiga namoota jalʼinaan itti murteeffameetiin,+ magaalattiinis jeequmsaan waan guutamteef+ funcaa*+ tolchi. 24 Saboota keessaa namoota hundumaa caalaa hamoo taʼan nan fida;+ isaanis manneen isaanii dhaalaan ni fudhatu;+ anis of tuulummaan warra jajjaboo taʼan sanaa akka dhaabbatu nan godha; iddoowwan isaanii warri qulqulluunis ni xuraaʼu.+ 25 Isaan yommuu dhiphatanitti nagaa ni barbaadu, garuu hin argatan.+ 26 Balaa irratti balaan, oduu irrattis oduun ni dhufa; namoonnis nama raajii dubbatu irraa mulʼata barbaadu;+ haa taʼu malee, seerri* luba biraa, gorsis jaarsolii biraa ni bada.+ 27 Mootichi ni gadda,+ geggeessaan sun abdii ni kutata,* harki namoota biyyattiis sodaadhaan ni hollata. Ani akkuma daandii isaaniitti isaaniif nan deebisa; akkuma murteessanittis isaan irratti nan murteessa. Isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’”+

8 Waggaa jaʼaffaatti, jiʼa jaʼaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa shanaffaatti, utuman mana koo keessa taaʼee jiruu, utuma jaarsoliin Yihudaa na dura taaʼanii jiranii, harki Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa achitti na qabe. 2 Utuman ilaalaa jiruus, nama bifti isaa bifa ibiddaa fakkaatu tokko nan arge; wanta mudhii isaa fakkaatuu gaditti ibiddi jira ture;+ mudhii isaatii olittis bifti isaa akka sibiila calaqqisuutti* ifa ture.+ 3 Achiis wanti harka fakkaatu tokko hiixatee rifeensa mataa koo qabe; hafuurri tokkos lafaa fi samii gidduutti ol na kaasee mulʼata Waaqayyo biraa dhufeen gara Yerusaalemitti, gara karra isa keessaa+ isa gara kaabaatti garagalee jirutti, jechuunis gara bakka mallattoon* waaqa tolfamaa hinaaffaa inni hinaaffaa kakaasu sun dhaabbatee+ jirutti na geesse. 4 Kunoo, ulfinni Waaqa Israaʼel inni bifa ani dirree sulula keessa jirutti argee ture+ sana fakkaatu achi jira ture.+

5 Achiis, “Yaa ilma namaa, maaloo, ol jedhiitii gara kaabaa ilaali” naan jedhe. Anis ol jedhee gara kaabaa nan ilaale; achittis, karra iddoo aarsaa irraa gara kaabaatiin, balbalicha dura mallattoon* hinaaffaa kun jira ture. 6 Achiis, “Yaa ilma namaa, wanta hamaa fi jibbisiisaa manni Israaʼel asitti raawwachaa jiru,+ isa iddoo qulqulluu koo irraa akkan fagaadhu godhu+ kana ni argitaa? Haa taʼu malee, wanta jibbisiisaa kana irra iyyuu hammaatu ni argita” naan jedhe.

7 Achiis gara karra mooraa sanaatti na geesse; anis yommuun ilaalu, girgiddaa irratti qaawwa tokko nan arge. 8 Innis, “Yaa ilma namaa, maaloo, qaawwa girgiddaa sana irra jiru balʼisi” naan jedhe. Kanaafuu, qaawwa girgiddaa sana irra jiru nan balʼise; balbala tokkos nan arge. 9 Innis, “Seeniitii wanta hamaa fi jibbisiisaa isaan asitti raawwachaa jiran ilaali” naan jedhe. 10 Anis seenee nan ilaale, achiis akaakuu fakkii wantoota munyuuqanii fi bineensota jibbisiisoo taʼanii+ hundumaa, akkasumas waaqolii tolfamoo mana Israaʼel warra balfamoo* taʼan+ hundumaa nan arge; isaan guutummaa girgiddaa sanaa irratti bocamanii turan. 11 Jaarsoliin mana Israaʼel 70ni isaan dura dhaabbatanii turan; Yaaʼaazaaniyaan ilmi Shaafaan+ immoo isaan gidduu dhaabbatee ture. Tokkoon tokkoon isaanii qodaa ixaana itti aarsan harka isaaniitti qabatanii turan; aarri ixaanichaa inni urgaaʼus ni aara ture.+ 12 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, wanta jaarsoliin mana Israaʼel tokkoon tokkoon isaanii dukkana keessatti, kutaawwan warra gara keessaa, bakka waaqoliin tolfamoo isaanii kaaʼamanitti raawwachaa jiran ni argitaa? Isaan, ‘Yihowaan nu hin argu. Yihowaan biyyattii dhiiseera’ jedhu.”+

13 Itti fufuudhaanis, “Wanta jibbisiisaa isaan raawwachaa jiran kana caalaa iyyuu hamaa taʼe ni argita” naan jedhe. 14 Kanaafuu, gara balbala karra mana Yihowaa isa kaabaatti na geesse; anis achitti dubartoota taaʼanii waaqa Taamuuz jedhamuuf booʼan nan arge.

15 Kana malees, “Yaa ilma namaa, kana ni argitaa? Wanta jibbisiisaa kana caalaa iyyuu hamaa taʼe+ ni argita” naan jedhe. 16 Kanaafuu, gara mooraa mana Yihowaa isa keessaatti+ na geesse. Achittis balbala mana qulqullummaa Yihowaa duratti, barandichaa fi iddoo aarsaa gidduutti dhiironni 25 taʼan dugda isaanii gara mana qulqullummaa Yihowaatti, fuula isaanii immoo gara bahaatti naannessanii jiru turan; isaan karaa bahaatiin aduudhaaf sagadaa turan.+

17 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, kana ni argitaa? Manni Yihudaa wantoota jibbisiisoo kana raawwachuun isaa, biyyattii jeequmsaan guutuun+ isaa fi na dheekkamsiisuu itti fufuun isaa wanta akka laayyootti ilaalamu dhaa? Kunoo, isaan damee* sana gara funyaan kootti qabaniiru. 18 Kanaafuu, ani dheekkamsaan tarkaanfii nan fudhadha. Ijji koo isaaniif hin gaddu; anis gara laafina isaanitti hin argisiisu.+ Sagalee isaanii ol kaasanii gurra kootti yoo iyyan illee ani isaan hin dhagaʼu.”+

9 Achiis inni, “Warra magaalattii irratti adaba fidanii fi tokkoon tokkoon isaanii meeshaa waraanaa badiisa geessisu harkatti qabatan waamaa!” jedhee sagalee guddaadhaan yommuu iyyu nan dhagaʼe.

2 Anis namoonni tokkoon tokkoon isaanii meeshaa waraanaa ittiin ajjeesan harkatti qabatan jaʼa kallattii karra isa olii+ isa gara kaabaatti garagalee jiru irraa yommuu dhufan nan arge; namni uffata quncee talbaa irraa tolfame uffatee fi mudhii isaatti gaanfa* qalama barreessaa hidhate tokkos isaan gidduu jira ture; isaanis seenanii iddoo aarsaa sibiila diimaa+ cinaa dhaabbatan.

3 Achiis ulfinni Waaqa Israaʼel+ kiruubelota gubbaa bakka itti boqotee ture irraa kaʼee gara gubanii balbala manichaa dhaqe;+ Waaqayyos* namicha uffata quncee talbaa irraa tolfame uffatee fi mudhii isaatti gaanfa qalama barreessaa hidhate sana ni waame. 4 Yihowaanis, “Magaalattii, jechuunis Yerusaalem keessa darbiitii adda namoota wantoota jibbisiisoo magaalattii keessatti raawwatamaa jiran+ hundumaatiin kan kaʼe gaddaa fi aadaa jiran+ irratti mallattoo godhi” isaan jedhe.

5 Utuman dhagaʼuus warra kaaniin akkana jedhe: “Isinis isa duukaa magaalattii keessa darbaatii namoota ajjeesaa. Ijji keessan hin gaddin; gara laafina tokko illees hin argisiisinaa.+ 6 Maanguddoo, dargaggeessa, durba, mucaa xinnoo fi dubartoota utuu hin jedhin hunduma isaanii ajjeesaa.+ Haa taʼu malee, nama mallattoon sun irra jiru kamitti iyyuu hin dhihaatinaa.+ Iddoo qulqulluu koo irraa jalqabaa.”+ Kanaafuu, isaan jaarsolii manicha fuuldura turan irraa jalqaban.+ 7 Innis akkana isaaniin jedhe: “Manicha xureessaa, mooraawwan sanas reeffaan guutaa.+ Dhaqaa!” Kanaafuu, isaan gad baʼanii namoota magaalattii keessa jiran ajjeesan.

8 Utuma isaan namoota ajjeesaa jiranii ani kophaatti nan hafe; achiis adda kootiin gombifamee, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, wayyoo! Ati dheekkamsa kee Yerusaalem irratti dhangalaastee warra Israaʼel keessaa hafan hundumaa fixuuf jettaa?” jedheen iyye.+

9 Innis akkana naan jedhe: “Balleessaan mana Israaʼelii fi mana Yihudaa baayʼee, baayʼee guddaa dha.+ Biyyattiin dhiiga dhangalaasuudhaan,+ magaalattiinis hamminaan guutamteetti.+ Sababiin isaas isaan, ‘Yihowaan biyyattii dhiiseera, akkasumas Yihowaan hin argu’ jedhu.+ 10 Haa taʼu malee, ijji koo isaaniif hin gaddu; anis gara laafina isaanitti hin argisiisu.+ Miidhaa daandii isaaniitiin kan kaʼe dhufu mataa isaanii irratti nan fida.”

11 Achiis namichi uffata quncee talbaa irraa tolfame uffatee fi mudhii isaatti gaanfa qalamaa hidhate sun deebiʼee dhufee, “Akkuma ati na ajajje godheera” jedhe.

10 Utuman ilaalaa jiruus, wanta diriiraa mataa kiruubelotaatii olitti argamu sana gubbaa wanta akka dhagaa safiroos taʼe tokko nan arge; bifti isaas teessoo fakkaata ture.+ 2 Waaqayyos* namicha uffata quncee talbaa irraa tolfame uffate+ sanaan, “Geengoowwan+ sana gidduu, kiruubelota sana jala seeniitii, kiruubelota sana gidduudhaa harka kee lamaanitti barbadaa ibiddaa+ guutiitii magaalattii irratti firfirsi”+ jedhe. Innis utuman ilaaluu achitti seene.

3 Yommuu namichi seenutti kiruubelonni sun manicha irraa gara mirgaatiin dhaabbatanii turan; duumessis mooraa isa keessaa sana guute. 4 Ulfinni Yihowaas+ kiruubelota sana irraa kaʼee gara gubanii balbala manichaatti ni deeme; manichis suutuma suuta duumessaan guutame;+ mooraan sunis ifa ulfina Yihowaatiin guutame. 5 Akkuma sagalee yommuu Waaqni Hundumaa Dandaʼu dubbatu dhagaʼamutti, sagaleen qoochoowwan kiruubelotaas mooraa isa alaa keessatti ni dhagaʼama ture.+

6 Achiis Waaqayyo,* “Geengoowwan sana gidduudhaa, kiruubelota sana gidduudhaa ibidda fudhadhu” jedhee nama uffata quncee talbaa irraa tolfame uffate sana ajaje; innis seenee geengoo sana bira dhaabbate. 7 Kiruubelota sana keessaa inni tokkos gara ibidda isa kiruubelota sana gidduu+ jirutti harka isaa hiixate. Achiis ibidda muraasa fuudhee harka lamaan namicha uffata quncee talbaa irraa tolfame uffate+ sanaa irra kaaʼe; innis isa fudhatee gad baʼe. 8 Kiruubelonni sun qoochoowwan isaanii jalatti wanta harka namaa fakkaatu qabu turan.+

9 Utuman ilaalaa jiruus, kiruubelota sana biratti geengoowwan afur nan arge; tokkoon tokkoon kiruubelotaa bira geengoon tokko tokko jira ture; geengoowwan sunis akkuma dhagaa kirisoliixos kan calaqqisan fakkaatu turan.+ 10 Bifti arfan isaanii iyyuu wal fakkaata ture; isaan geengoo wal keessa jiru fakkaatu turan. 11 Isaan duubatti utuu hin garagalin gara bakka mataan sun itti garagalee jirutti deemuu waan dandaʼaniif, yommuu sochoʼan utuu duubatti garagaluun isaan hin barbaachisin kallattii arfaniin iyyuu deemuu dandaʼu turan. 12 Guutummaan qaama isaanii, dugdi isaanii, harki isaanii, qoochoon isaanii, akkasumas geengoowwan sun, jechuunis geengoowwan isaanii arfan ijaan kan guutaman turan.+ 13 Sagaleen tokko, “Yaa geengoowwan nana!” jedhee geengoowwan sana yommuu waamu nan dhagaʼe.

14 Tokkoon tokkoon isaanii* fuula afur afur qabu turan. Fuulli inni jalqabaa fuula kiruubel, fuulli inni lammaffaan fuula namaa, fuulli inni sadaffaan fuula leencaa, fuulli inni arfaffaan immoo fuula risaa ture.+

15 Kiruubelonni sun ol ni kaʼan; isaan uumamawwan jiraatoo* ani laga Kebaar+ biratti arge sanuma turan; 16 yommuu kiruubelonni sun sochoʼan, geengoowwan sunis isaan biratti sochoʼu turan; yommuu kiruubelonni lafa irraa ol kaʼuuf jedhanii qoochoo isaanii ol kaasanitti, geengoowwan sun duubatti hin garagalan yookiin isaan biraa hin sochoʼan turan.+ 17 Yommuu isaan dhaabbatan kanneen kunis ni dhaabbatu turan; yommuu isaan ol kaʼan isaanis isaanii wajjin ol kaʼu turan; sababiin isaas, hafuurri uumamawwan jiraatoo sana irratti hojjetu* isaan keessas jira ture.

18 Achiis ulfinni Yihowaa+ gubanii balbala manichaa irraa kaʼee kiruubelota sana gubbaa dhaabbate.+ 19 Utuman ilaaluus kiruubelonni sun qoochoo isaanii ol kaasanii lafa irraa ol kaʼan. Yommuu isaan deeman geengoowwan sunis isaan bira jiru turan. Isaanis balbala karra mana Yihowaa isa gara bahaatti argamu bira dhaabbatan; ulfinni Waaqa Israaʼelis isaan gubbaa jira ture.+

20 Kanneen kun uumamawwan jiraatoo* ani laga Kebaar biratti Waaqa Israaʼel jalatti arge sana turan;+ kanaafuu, isaan kiruubelota taʼuu isaanii nan hubadhe. 21 Arfan isaanii iyyuu fuula afur afurii fi qoochoo afur afur qabu turan; qoochoo isaanii jalaas wanta harka namaa fakkaatu qabu turan.+ 22 Bifti fuula isaanii fuula ani laga Kebaar biratti arge sana fakkaata ture.+ Tokkoon tokkoon isaaniis kallattiidhaan fuulduratti deemu turan.+

11 Achiis hafuurri tokko ol na kaasee gara karra mana Yihowaa isa kallattii bahaatiin argamu isa gara bahaatti+ garagalee jirutti na geesse. Anis balbala karrichaa biratti namoota 25 nan arge; Yaaʼaazaaniyaan ilmi Azuurii fi Pelaatiyaan ilmi Benaayaa warri bulchitoota sabichaa+ taʼanis isaan gidduu jiru turan. 2 Waaqayyos* akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, namoonni kun warra magaalattii keessatti* mala hamaa qopheessanii fi gorsa hamaa kennani dha. 3 Isaan, ‘Kun yeroo manneen itti ijaaraman mitii?+ Magaalattiin* distii dha,+ nuti immoo fooni dha’ jedhu.

4 “Kanaafuu, isaan irratti raajii dubbadhu. Yaa ilma namaa, raajii dubbadhu.”+

5 Achiis hafuurri Yihowaa na irra buʼe;+ Waaqayyos* akkana naan jedhe: “Akkana jedhi, ‘Yihowaan akkana jedha: “Yaa mana Israaʼel, wanti isin dubbattan sirrii dha; anis wanta isin yaadaa jirtan* beeka. 6 Isin namoonni hedduun magaalaa kana keessatti akka duʼan gootaniittu; daandiiwwan ishiis reeffaan guuttaniittu.”’”+ 7 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Reeffi isin magaalattii keessatti gaggattan foonicha dha, magaalattiin immoo disticha dha.+ Isin garuu ishii keessaa ni fudhatamtu.’”

8 “‘Isin goraadee sodaattaniittu,+ ani immoo goraadee isin irratti nan fida’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 9 ‘Ani ishii keessaa isin baasee, harka namoota biyya ormaatti dabarsee isin nan kenna; murtiis isin irratti nan dabarsa.+ 10 Isin goraadeedhaan ni kukkuftu.+ Daangaa Israaʼel irratti isin irratti nan murteessa;+ isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+ 11 Magaalattiin distii isiniif hin taatu, isinis foon achi keessa jiru hin taatan; ani daangaa Israaʼel irratti isin irratti nan murteessa; 12 isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu. Sababiin isaas, isin akka dambiiwwan kootti hin deddeebine, murtiiwwan koos hin raawwanne;+ kanaa mannaa, akka murtii saboota naannoo keessanitti argaman sanaatti deddeebitan.’”+

13 Akkuman raajii kana dubbadheenis, Pelaatiyaan ilmi Benaayaa ni duʼe; anis adda kootiin gombifamee sagalee guddaadhaan, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, wayyoo! Ati warra Israaʼel keessaa hafan haxooftee fixuuf jettaa?” jedheen iyye.+

14 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 15 Yaa ilma namaa, jiraattonni Yerusaalem, ‘Yihowaa irraa fagaadhaa. Biyyattiin kan keenya; ishiin dhaalaan nuuf kennamteetti’ jedhanii obboloota kee, obboloota kee keessaa warra furuuf mirga qabanitti, akkasumas guutummaa mana Israaʼelitti dubbataniiru. 16 Kanaafuu, akkana jedhi: Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Saboota gidduutti fageessee kanan isaan ergee fi biyyoota gidduutti kanan isaan bittinneesse taʼu illee,+ biyyoota isaan deeman keessatti ani yeroo xinnoodhaaf iddoo qulqulluu isaaniif nan taʼa.’”+

17 “Kanaafuu akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kana malees, ani saboota keessaa walitti isin nan qaba; biyyoota itti bittinnooftan keessaa isin nan sassaaba; biyya Israaʼelis isiniif nan kenna.+ 18 Isaanis achitti deebiʼanii wantoota balfamoo fi gochawwan jibbisiisoo ishii hundumaa ishii keessaa ni balleessu.+ 19 Anis garaa tokko isaaniif nan kenna;+ hafuura haaraa isaan keessa nan kaaʼa;+ garaa dhagaa taʼe qaama isaanii keessaa baasee+ garaa foon taʼe* isaaniif nan kenna;+ 20 kanas kanan godhu, isaan akka dambiiwwan kootti akka deddeebiʼaniif, murtiiwwan koo akka eeganii fi isaaniif akka ajajamaniifi. Sana booda isaan saba koo ni taʼu, anis Waaqa isaanii nan taʼa.”’

21 “‘“Warra garaan isaanii wantoota balfamoo fi gochawwan jibbisiisoo isaanii irratti akka xiyyeeffatu gochuu isaanii itti fufan garuu, miidhaa daandii isaaniitiin kan kaʼe dhufu mataa isaanii irratti nan fida” jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”’

22 Yeroo kanatti kiruubelonni sun qoochoowwan isaanii ol ni kaasan; geengoowwan sunis isaanitti dhihoo jiru turan;+ ulfinni Waaqa Israaʼelis isaan gubbaa jira ture.+ 23 Achiis ulfinni Yihowaa+ magaalattii keessaa ol baʼee gaara magaalattii irraa gara bahaatti argamu irra dhaabbate.+ 24 Achiis hafuurri tokko mulʼata hafuura Waaqayyootiin ol na kaasee gara namoota boojiʼamanii biyya Kaladootaa keessa jiranitti na geesse. Achiis mulʼanni ani arge sun na dhiisee deeme. 25 Anis wantoota Yihowaan natti argisiise hundumaa namoota boojiʼamanitti himuun jalqabe.

12 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, ati kan jiraattu finciltoota gidduu dha. Isaan finciltoota waan taʼaniif,+ ija qabu, garuu hin argan, gurra qabu, garuu hin dhagaʼan.+ 3 Ati garuu yaa ilma namaa, gara boojuu dhaquuf miʼa kee qopheeffadhu. Achiis guyyaadhaan utuma isaan ilaalanii gara boojuu dhaqi. Utuma isaan ilaalanii mana kee keessaa baʼiitii boojuudhaan gara bakka kan biraa dhaqi. Isaan finciltoota yoo taʼan iyyuu, tarii kana ni qalbeeffatu taʼa. 4 Atis guyyaadhaan utuma isaan ilaalanii miʼa kee isa gara boojuu dhaquuf qopheeffatte fudhadhuu kaʼi; galgalas utuma isaan ilaalanii akka nama boojuudhaan+ fudhatamaa jiruutti kaʼii deemi.

5 “Utuma isaan ilaalaniis girgiddaa sana uriitii miʼa kee baadhuu achiin gad baʼi.+ 6 Utuma isaan ilaalanii miʼa kee gateettii kee irratti baadhuutii dukkanaan baʼii deemi. Mana Israaʼeliif mallattoo waanan si godhuuf,+ lafa ilaaluu akka hin dandeenyetti fuula kee haguuggadhu.”

7 Anis akkuman ajajame nan godhe. Guyyaadhaan miʼa koo isan gara boojuu dhaquuf qopheeffadhe sana fuudhee nan baʼe; galgalas girgiddaa sana harka kootiin nan ure. Yommuu dukkanaaʼus ijuma isaanii duratti miʼa koo gateettii koo irratti baadhee gad nan baʼe.

8 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu ganamaan gara koo ni dhufe: 9 “Yaa ilma namaa, manni Israaʼel warri finciltoota taʼan, ‘Maal gochaa jirta?’ jedhanii si hin gaafannee? 10 Akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Labsiin kun geggeessaa+ Yerusaalem keessa jiruu fi guutummaa mana Israaʼel warra magaalattii keessa jiran kan ilaallatu dha.”’

11 “Akkana isaaniin jedhi: ‘Ani isiniif mallattoo dha.+ Akkuman godhe kanatti, isaan irratti ni raawwatama. Isaan boojuudhaan ni fudhatamu.+ 12 Geggeessaan isaan gidduutti argamu sun miʼa isaa gateettii isaa irratti baatee dukkanaan baʼee deema. Inni dallaa sana uree miʼa isaa baatee gad baʼa.+ Lafa ilaaluu akka hin dandeenyettis fuula isaa ni haguuggata.’ 13 Ani saaphana koo isa irratti nan diriirsa; innis saaphana koo isan ittiin kiyyeessuun ni qabama.+ Achiis gara Baabilon, gara biyya Kaladootaatti isa nan fida; haa taʼu malee, inni biyyattii hin argu; achitti ni duʼa.+ 14 Ani warra naannoo isaatti argaman hundumaa, warra isa gargaaranii fi loltoota isaa kallattii hundumaatiin nan bittinneessa;+ isaan ariʼuufis goraadee nan luqqifadha.+ 15 Yommuu ani saboota gidduuttii isaan bittinneessuu fi biyyoota gidduutti isaan faffacaasutti ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu. 16 Isaan bakka dhaqan sanatti, saboota gidduutti waaʼee gochawwan jibbisiisoo raawwatan sana hundumaa akka dubbataniif, isaan keessaa muraasa isaanii goraadee, beelaa fi golfaa jalaa nan oolcha; isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.”

17 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 18 “Yaa ilma namaa, nyaata kee hollachaa nyaadhu, bishaan kees sodaa fi dhiphinaan dhugi.+ 19 Namoota biyyattiitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan jiraattota Yerusaalem warra biyya Israaʼel keessa jiraniin akkana jedha: “Jalʼina warra ishii keessa jiraatan hundumaatiin kan kaʼe+ biyyi isaanii guutummaatti ona waan taatuuf,+ isaan nyaata isaanii dhiphinaan nyaatu, bishaan isaaniis sodaadhaan dhugu. 20 Magaalonni namoonni keessa jiraatan ni diigamu; biyyattiinis ni onti;+ isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.”’”+

21 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 22 “Yaa ilma namaa, mammaaksi Israaʼel keessatti, ‘Guyyoonni sun darbaniiru; mulʼanni kam iyyuus gatii hin qabu’ jettanii mammaaktan kun maali dha?+ 23 Kanaafuu, akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Ani mammaaksi kun akka hafu nan godha; isaanis kana booda Israaʼel keessatti akka mammaaksaatti itti hin fayyadaman.”’ Ati garuu, ‘Guyyoonni sun dhihaataniiru;+ mulʼanni kam iyyuus ni raawwatama’ jedhii isaanitti himi. 24 Sababiin isaas, kana booda mulʼanni sobaa yookiin falfalli sobaa* kam iyyuu mana Israaʼel keessatti hin argamu.+ 25 ‘“Ani Yihowaan nan dubbadha. Wanti ani dubbadhu kam iyyuus utuu hin turin ni raawwatama.+ Yaa finciltoota nana, bara keessanitti+ ani nan dubbadha, isan dubbadhes nan raawwadha” jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.’”

26 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 27 “Yaa ilma namaa, namoonni* Israaʼel, ‘Mulʼanni inni argu waaʼee wanta bara dheeraa booda taʼuu kan ibsu dha; inni waaʼee wanta bara dheeraa booda dhufuu raajii dubbachaa jira’ jechaa jiru.+ 28 Kanaafuu, akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “‘Dubbii koo keessaa inni tokko illee hin turu; wantin dubbadhu kam iyyuus ni raawwatama’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”’”

13 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, raajota Israaʼel irratti raajii dubbadhu;+ warra ofiin raajii uumanii dubbataniinis*+ akkana jedhi: ‘Dubbii Yihowaa dhagaʼaa. 3 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Raajota gowwaa warra utuu homaa hin argin yaada* ofii isaanii duukaa buʼaniif wayyoo!+ 4 Yaa Israaʼel, raajonni kee akkuma jeedaloota tuullaa diiggaa gidduu jiranii taʼaniiru. 5 Israaʼel waraana guyyaa Yihowaatti godhamutti cimtee dhaabbachuu akka dandeessuuf,+ isin deebistanii mana Israaʼeliif isaan ijaaruuf gara iddoowwan diigamoo dallaawwan dhagaa keessa jiran sanaa hin deemtan.”+ 6 “Warri utuu Yihowaan isaan hin ergin, ‘Dubbiin Yihowaa akkana jedha’ jedhan, mulʼanni isaan arganii fi raajiin isaan dubbatan soba dha; taʼus isaan dubbiin isaanii akka raawwatamu eeganiiru.+ 7 Utuu ani homaa hin dubbatin, ‘Dubbiin Yihowaa akkana jedha’ jechuun keessan, mulʼata sobaa arguu keessanii fi raajii sobaa dubbachuu keessan mitii?”’

8 “‘Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “‘Isin wanta soba taʼe waan dubbattaniif, mulʼanni keessanis soba waan taʼeef, ani isin irratti kaʼeera’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”+ 9 Harki koo raajota mulʼanni isaanii soba taʼee fi raajii sobaa dubbatan irratti kaʼeera.+ Isaan saba ani akka michuu kootti ilaalu keessaa tokko hin taʼan; galmee mana Israaʼel keessatti hin galmeeffaman; gara biyya Israaʼelittis hin deebiʼan; isinis ani Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+ 10 Kun hundi kan taʼu, utuu nagaan hin jiraatin, “Nagaa dha!” jedhanii saba koo karaa irraa waan jalʼisaniifi.+ Yommuu girgiddaan humna hin qabne ijaaramutti, isaan immoo nooraa ni dibu.’*+

11 “Girgiddaan sun akka jigu warra nooraa diban sanatti himaa. Bokkaa yandoon ni dhufa, cabbii guguddaan ni buʼa,* obomboleettii cimaanis isa ni jigsa.+ 12 Yommuu girgiddaan sun jiguttis namoonni, ‘Nooraan isin dibdan sun buʼaa maalii argamsiise?’ jedhanii isin gaafatu.+

13 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Dheekkamsa kootiin obomboleettii cimaan akka dhufu, aarii kootiin bokkaa yandoon akka roobu, dheekkamsa koo isa badiisa geessisuunis cabbii guguddaan akka buʼu nan godha. 14 Girgiddaa isin nooraa dibdan sana nan diiga; lafatti nan kuffisa; buʼuurri isaas ni saaxilama. Yommuu magaalattiin kuftutti, isin ishii keessatti ni dhumtu; ani Yihowaa taʼuu koos dhugumaan ni hubattu.’

15 “‘Ani girgiddaa sanaa fi warra nooraa isa diban irratti guutummaatti dheekkamsa koo yommuun dhangalaasu, isiniin akkana nan jedha: “Kana booda girgiddaan sunis taʼe namoonni nooraa isa diban sun hin jiran.+ 16 Raajonni Israaʼel warri Yerusaalemiif raajii dubbatan, warri utuu nagaan hin jiraatin mulʼata nagaa ishiidhaaf argan+ badaniiru”’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

17 “Ati garuu yaa ilma namaa, ijoollee durbaa saba keetii warra ofiin raajii uumanii dubbatanitti fuula kee naannessi; isaan irrattis raajii dubbadhu. 18 Akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Dubartoota lubbuu namootaa adamsanii qabuuf harka nama hundumaatiif wanta harka irratti hidhamu* hodhanii fi mataa nama hundumaatiif shaashii tolchaniif wayyoo! Isin lubbuu saba kootii utuma adamsitanii lubbuu ofii keessanii oolfachuuf yaalaa jirtuu? 19 Isin saba koo warra soba keessan dhagaʼanitti soba dubbattanii+ garbuu hammaarraa muraasaa fi daabboo caccabaadhaaf jettanii warra* duʼuu hin qabne ajjeesuudhaan, warra* jiraachuu hin qabne immoo lubbuudhaan tursuudhaan saba koo gidduutti na xureessituu?”’+

20 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Yaa dubartoota nana, ani wanta harkatti hidhamu isa isin akka waan isaan simbirroo taʼaniitti namoota* adamsitanii qabuuf itti fayyadamtan sana irratti kaʼeera; hidhaa kana harka keessan irraa kukkutee warra akka simbirrootti adamsitanii qabdan sana nan gadhiisa. 21 Ani shaashii keessan tarsaasee saba koo harka keessan jalaa nan oolcha; isaanis kana booda wanta adamsitanii qabdan isiniif hin taʼan; isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+ 22 Sababiin isaas, utuu ani akka dhiphatu* isa gochuu hin barbaadin, soba keessaniin+ nama qajeelaa abdii kutachiistaniittu; inni daandii isaa isa hamaa irraa deebiʼee lubbuudhaan jiraachuu isaa akka itti hin fufneef immoo harka nama hamaa jabeessitaniittu.+ 23 Kanaafuu, isin dubartoonni kana booda mulʼata sobaa hin argitan, falfalas hin raawwattan;+ ani saba koo harka keessan jalaa nan oolcha; isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.’”

14 Achiis jaarsoliin Israaʼel muraasni dhufanii na dura taaʼan.+ 2 Dubbiin Yihowaa akkana jedhus gara koo ni dhufe: 3 “Yaa ilma namaa, namoonni kun waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo* taʼan duukaa buʼuuf kutataniiru; gufuu namoonni cubbuu akka hojjetan godhus kaaʼaniiru. Maarree ani gaaffii isaaniitiif deebii kennuun qabaa?+ 4 Akkana jedhii isaanitti dubbadhu: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Namni Israaʼel tokko waaqolii tolfamoo isaa warra balfamoo taʼan duukaa buʼuuf kutatee gufuu namoonni cubbuu akka hojjetan godhu yoo kaaʼe, achiis dhufee raajii tokko yoo gaafate, ani Yihowaan akka waaqolii tolfamoo isaa warra balfamoo hedduu taʼan sanaatti wanta isaaf malu isaaf nan deebisa. 5 Hundi isaanii ana irraa fagaatanii waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼan duukaa waan buʼaniif,+ ani garaa mana Israaʼel keessatti sodaan akka uumamu nan godha.’”*

6 “Kanaafuu, mana Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Gara kootti deebiʼaa, waaqolii tolfamoo keessan warra balfamoo taʼan irraa fagaadhaa; fuula keessanis gochawwan keessan warra jibbisiisoo taʼan hundumaa irraa deebisaa.+ 7 Sababiin isaas, namni biyya Israaʼel yookiin namni biyya ormaa Israaʼel keessa jiraatu kam iyyuu ana irraa fagaatee waaqolii tolfamoo isaa warra balfamoo taʼan duukaa buʼuudhaan gufuu namoonni cubbuu akka raawwatan godhu yoo kaaʼe, achiis dhufee raajii koo yoo gaafate,+ ani Yihowaan dhuunfaatti isaaf nan deebisa. 8 Ani fuula koo nama sana irra nan kaaʼa; mallattoo akeekkachiisaa fi kan itti mammaakamu akka taʼu isa nan godha; saba koo keessaas isa nan balleessa;+ isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.”’

9 “‘Haa taʼu malee, raajichi gowwoomfamee deebii yoo kenne, raajii sana kan gowwoomse ana Yihowaa dha.+ Ani harka koo isa irratti diriirsee saba koo Israaʼel keessaa haxaaʼee isa nan balleessa. 10 Isaan yakka isaanii baachuuf ni dirqamu; yakki nama raajicha gaafatu sanaa fi yakki raajichaa tokko ni taʼa; 11 kunis kan taʼu, manni Israaʼel ana irraa fagaatanii jooruu isaanii fi yakkawwan isaanii hundumaatiin of xureessuu isaanii akka dhiisaniifi. Sana booda isaan saba koo ni taʼu, anis Waaqa isaanii nan taʼa’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

12 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 13 “Yaa ilma namaa, biyyi tokko amanamtuu utuu hin taʼin hafuudhaan ana irratti cubbuu yoo hojjette, ani harka koo ishii irratti diriirsee karaa ishiin nyaata itti argattu nan cufa;*+ ishii irratti beela ergees+ namaa fi horii ishii keessaa nan balleessa.”+ 14 “‘Namoonni sadan kun, jechuunis Noh,+ Daaniʼelii+ fi Iyyoob+ ishii keessa kan jiran yoo taʼe illee, isaan qajeelummaa isaaniitiin oolchuu kan dandaʼan ofuma* isaanii qofa dha’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

15 “‘Yookiin immoo bineensonni bosonaa hamoo taʼan biyyattii keessa akka darbanii fi namoota hedduu akka fixan,* bineensota bosonaa sanaan kan kaʼes biyyattiin onaa fi eenyu illee keessa kan hin darbine akka taatu nan godha taʼa.+ 16 Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, namoonni sadan kun ishii keessa kan jiran yoo taʼe illee, ijoollee dhiiraa isaaniis taʼe ijoollee durbaa isaanii hin oolchan; isaan kan oolchan ofuma isaanii qofa dha; biyyattiinis ona ni taati’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

17 “‘Yookiin immoo ani biyya sana irratti goraadee fidee,+ “Goraadeen biyyattii keessa haa darbu” yoon jedhee fi namas taʼe horii yoon balleesse,+ 18 lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, namoonni sadan kun ishii keessa kan jiran yoo taʼe illee, ijoollee dhiiraa isaaniis taʼe ijoollee durbaa isaanii hin oolchan; isaan kan oolchan ofuma isaanii qofa dha’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

19 “‘Yookiin immoo ani biyya sana irratti golfaa yoon ergee+ fi dhiigni hedduun akka dhangalaʼu gochuudhaan namas taʼe horii ishii keessaa balleessuuf aarii koo ishii irratti yoon dhangalaase, 20 lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, Noh,+ Daaniʼelii+ fi Iyyoob+ ishii keessa kan jiran yoo taʼe illee, ijoollee dhiiraa isaaniis taʼe ijoollee durbaa isaanii hin oolchan; isaan qajeelummaa isaaniitiin kan oolchan ofuma* isaanii qofa dha’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

21 “Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ani namas taʼe horii ishii keessa jiru balleessuuf,+ Yerusaalem irratti adaba koo arfan,*+ jechuunis goraadee, beela, bineensa bosonaa hamaa taʼee fi golfaa yommuun ergutti+ akkanuma ni taʼa. 22 Haa taʼu malee, ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa warri ishii keessatti hafan muraasni oolanii achi keessaa ni baʼu.+ Isaan gara keessan ni dhufu; isinis yommuu daandiiwwan isaanii fi gochawwan isaanii argitanitti badiisa ani Yerusaalem irratti fideen, wanta ani ishii irratti raawwadhe hundumaatiin kan kaʼes dhugumaan jajjabina ni argattu.’”

23 “‘Daandiiwwan isaanii fi gochawwan isaanii yommuu argitanitti, isaan isin jajjabeessu; isinis wantan ishii irratti fide kana kanan irratti raawwadhe sababa malee akka hin taane ni hubattu’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

15 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, mukti wayinii mukeetii bosonaa keessaa muka yookiin damee kan biraa kam iyyuu wajjin akkamitti wal bira qabama? 3 Mukti isa irraa argamu wanta tokko raawwachuuf ni fayyadaa? Yookiin namoonni miʼa irratti fannisuuf isa irraa hookkoo ni tolchuu? 4 Kunoo, inni akka qoraaniitti ibiddatti ni gatama; ibiddichis fiixee isaa lamaan ni nyaata, gidduu isaas ni waxala. Kana booda hojii akkamiitiif iyyuu ooluu ni dandaʼaa ree? 5 Utuu hin gubatin illee wanta akkamiitiif iyyuu ooluu hin dandaʼu ture. Erga ibiddi isa nyaatee fi isa waxalee booda immoo caalaatti gatii kan hin qabne hin taʼuu ree?”

6 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Akkuma muka wayinii isa mukeetii bosonaa gidduu jiru, isa ani akka qoraaniitti ibiddaaf kenne sanaa, jiraattota Yerusaalem irrattis akkanuma nan godha.+ 7 Ani fuula koo isaan irra kaaʼeera. Isaan ibiddicha jalaa miliqaniiru; garuu ibiddi isaan ni nyaata. Yommuun fuula koo isaan irra kaaʼutti, isin ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.’”+

8 “‘Amanamoo utuu hin taʼin hafuu isaaniitiin+ kan kaʼes biyyattii nan onsa’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

16 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, gochawwan ishii warra jibbisiisoo taʼan Yerusaalemitti himi.+ 3 Akkana ishiidhaan jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan Yerusaalemiin akkana jedha: “Maddi kee fi dhaloonni kee biyya Kanaʼaanotaa keessaa ture. Abbaan kee nama biyya Amoor+ ture; haati tee immoo nama biyya Heet+ turte. 4 Ati guyyaa dhalattetti hin handhuuramne, qulqulluu akka taatuuf bishaaniin hin dhiqamne, soogiddaan hin sukkuumamne, huccuudhaanis hin maramne. 5 Namni siif gaddee wantoota kana keessaa isa tokko illee siif godhe hin jiru. Namni gara laafina sitti argisiises hin jiru. Kanaa mannaa, ati* guyyaa dhalattetti jibbamtee waan turteef dirree irratti gatamtee turte.

6 “‘“Anis yommuun achiin darbu dhiiga kee keessatti utuu dhidhiittattuu sin arge; dhiiga kee keessa ciistee utuu jirtuus, ‘Lubbuudhaan jiraadhu!’ nan jedhe. Eeyyee, yeroo ati dhiiga kee keessa ciistee turtetti, ‘Lubbuudhaan jiraadhu!’ siin nan jedhe. 7 Akkuma biqiltoota dirree keessatti biqilaniitti akka malee akka baayʼattu nan godhe; atis guddattee intala geessuu taate; faaya hunda caalaa baʼeessa taʼes ni godhatte. Guntuta ni baaste, rifeensi kees ni guddate; haa taʼu malee, ati yeroo kanatti iyyuu guutummaatti qullaa turte.”’

8 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Utuun achiin darbaa jiruu yeroon si argetti, ati jaalalaaf gaʼuu kee nan hubadhe. Kanaafuu, ani uffata* koo si irra buusee+ qullaa kee nan dhokse; siif nan kakadhe, kakuus sii wajjin nan gale, atis kan koo taate. 9 Kana malees, bishaaniin si dhiqee dhiiga kee irraa sin qulqulleesse, zayitiis sin dibe.+ 10 Achiis uffata xilfiin irratti dhaʼame sitti nan uwwise; kophee gogaa* irraa tolfame siif nan kenne; uffata quncee talbaa baʼeessa taʼe irraa tolfameen sin mare; uffata gatii guddaa qabus sitti nan uwwise. 11 Faayawwaniin sin miidhagse, harka keetti bitawoo, morma keettis amartii mormaa nan kaaʼe. 12 Kana malees, funyaan keetti amartii funyaanii, gurra keetti lootii, mataa kee irras gonfoo bareedaa nan kaaʼe. 13 Atis warqii fi meetiidhaan of miidhagsite; uffanni kee quncee talbaa baʼeessa taʼe irraa kan tolfame, gatiin isaa guddaa kan taʼee fi xilfiin kan irratti dhaʼame ture. Ati daakuu bullaaʼaa, dammaa fi zayitii nyaatta turte; baayʼees bareedduu taate;+ mootuu taʼuufis* gaʼumsa kan qabdu taate.’”

14 “‘Ani simboo koo si irra waanan kaaʼeef, bareedinni kee mudaa kan hin qabne taʼe;+ bareedina keetiin kan kaʼes beekamummaan* kee saboota gidduutti ni babalʼate’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

15 “‘Haa taʼu malee, ati bareedina keetti amanamuu jalqabde;+ beekamtuu taʼuu keetiin kan kaʼes sagaagaltuu taate.+ Nama achiin darbu hundumaa wajjin sagaagalummaa kee ni baayʼiste;+ isaanittis of kennite. 16 Uffata kee keessaa muraasa isaa fudhattee iddoowwan ol kaʼoo bakka sagaagalummaa itti raawwattu sana halluu garaa garaatiin miidhagsite;+ wantoonni akkasii raawwatamuu hin qaban; matumaas taʼuu hin qaban. 17 Kana malees, faayawwan kee warra mimmiidhagoo warqii fi meetii irraa tolfaman warra ani siif kenne sana fuutee fakkiiwwan dhiiraa ittiin tolfatte; isaanii wajjinis sagaagalummaa raawwatte.+ 18 Uffata kee warra xilfiin irratti dhaʼames fuutee isaanitti* uwwiste; zayitii koo fi ixaana koos isaaniif dhiheessite.+ 19 Daabboo isa daakuu bullaaʼaa, zayitii fi damma irraa tolfame isa ani akka nyaattuuf siif kenne sanas wanta urgaan isaa nama gammachiisu* gootee isaaniif ni dhiheessite.+ Wanti raawwatames kana dha’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

20 “‘Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa kee warra anaaf deesse+ sana fuutee waaqolii tolfamoodhaaf aarsaa gootee kan dhiheessite+ sagaagalummaan kee kun sitti hanqateetii? 21 Ati ilmaan koo gorraateetta, ibiddaan isaan gubuudhaanis aarsaa gootee dhiheessiteetta.+ 22 Ati yeroo gochawwan jibbisiisoo fi sagaagalummaa hundumaa raawwattetti, bara ijoollummaa kee isa guutummaatti qullaa kee utuu jirtuu dhiiga kee keessa itti dhidhiittachaa turte sana hin yaadanne. 23 Wayyoo, wantoota hamoo kana hundumaa waan raawwatteef, siif wayyoo’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 24 ‘Ati addabaabayii hundumaa keessatti ofii keetiif tabbaa fi iddoo ol kaʼaa tolfatteetta. 25 Daandii hundumaa irratti iddoo hundumaa caalaa beekamaa taʼetti iddoowwan ol kaʼoo kee ijaarratteetta; nama achiin darbu hundumaatiif of dhiheessuudhaan*+ bareedina kee gara wanta jibbisiisaa taʼetti jijjiirteetta; sagaagalummaa kees baayʼisteetta.+ 26 Ilmaan Gibxii warra olloota kee taʼanii fi kajeellaa* guddaa qabanii wajjin sagaagalummaa raawwatteetta;+ sagaagalummaa kee isa hedduu taʼeenis na dheekkamsiisteetta. 27 Ammas harka koo si irratti nan kaasa; nyaanni kees akka hirʼatu nan godha;+ fedhii* dubartoota si jibbaniitti, jechuunis fedhii ijoollee durbaa Filisxeemotaa warra gocha kee isa qaanessaa taʼeen kan kaʼe rifatanii turan+ sanaatti dabarsee sin kenna.+

28 “‘Ati quufuu waan hin dandeenyeef, ilmaan Asoorii wajjinis sagaagalummaa ni raawwatte;+ haa taʼu malee, isaanii wajjin sagaagalummaa erga raawwattee booda illee hin quufne. 29 Kanaafuu, biyya daldaltootaa* fi biyya Kaladootaa keessatti sagaagalummaa kee ni baayʼiste;+ taʼus, amma illee hin quufne. 30 Ati akka dubartii sagaagaltuu saalfii hin beekneetti+ wantoota kana hundumaa kan raawwatte, garaan kee hammam dhukkubsannaani!’* jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 31 ‘Ati yommuu daandii hundumaa irratti iddoo hundumaa caalaa beekamaa taʼetti tabbaa fi iddoo ol kaʼaa ijaarrattetti akka dubartii sagaagaltuu hin turre; sababiin isaas, ati kaffaltii akkamii iyyuu hin fudhattu turte. 32 Ati haadha manaa ejjituu taatee fi abbaa manaa ishii dhiistee namoota ormaa filattu dha!+ 33 Namoonni sagaagaltoota hundumaatiif kennaa ni kennu;+ warra kajeellaa isaaniitiin si duukaa buʼan hundumaatiif kennaa kan kenne garuu siʼi;+ sagaagalummaa raawwachuuf naannoo hundumaa irraa gara kee akka dhufaniif ati mattaʼaa isaaniif ni kennita.+ 34 Ati dubartoota sagaagalummaa raawwatan kaan irraa adda dha. Namni akka keetti sagaagalummaa raawwatu hin jiru! Situ warra kaaniif kaffala malee, isaan siif hin kaffalan. Gochi kee faallaa dha.’

35 “Kanaafuu, yaa sagaagaltuu nana,+ dubbii Yihowaa dhagaʼi. 36 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kajeellaan kee akka malee guddaa waan taʼeef, akkasumas yommuu michoota kee fi waaqolii tolfamoo kee warra jibbamoo fi balfamoo*+ ati dhiiga ilmaan keetii illee aarsaa gootee isaaniif dhiheessite+ sana hundumaa wajjin sagaagalummaa raawwattetti qullaan kee waan mulʼateef, 37 ani michoota kee warra ati gammachiiste hundumaa, warra ati jaallatte hundumaas taʼe warra jibbite hundumaa walitti nan qaba. Bakka hundumaa irraa walitti qabee sitti isaan nan fida; qullaa kees isaanitti nan mulʼisa, isaanis guutummaatti qullaa taatee si argu.+

38 “‘Murtii sagaagaltootaa fi dubartoota dhiiga dhangalaasaniif+ maluun sin adaba;+ dhiigni kees dheekkamsaa fi hinaaffaadhaan ni dhangalaʼa.+ 39 Harka isaaniitti dabarsee sin kenna; isaanis tabbawwan kee ni diigu; iddoowwan kee warri ol kaʼoon ni jigu;+ isaan uffata kee si irraa ni baasu,+ faayawwan kee warra mimmiidhagoos ni fudhatu;+ guutummaattis qullaa kee akka taatu ni godhu. 40 Namoota hedduu si irratti ni fidu,+ dhagaadhaan si tumu,+ goraadee isaaniitiinis si gorraʼu.+ 41 Isaan manneen kee ibiddaan ni gubu;+ dubartoota hedduu duratti si irratti murtii ni dabarsu; ani sagaagalummaan kee akka dhaabbatu nan godha;+ atis gatii kaffaluu ni dhiista. 42 Aarii koo nan qabbaneessa,+ dheekkamsi koos si irraa ni deebiʼa;+ anis nan callisa, deebiʼees hin aaru.’

43 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ati bara ijoollummaa keetii waan hin yaadanneef,+ wantoota kana hundumaa raawwachuudhaanis waan na dheekkamsiisteef, miidhaa daandiiwwan keetiin kan kaʼe dhufu mataa kee irratti nan fida; atis gocha kee isa qaanessaa taʼee fi gochawwan kee warra jibbisiisoo taʼan hundumaa kana booda hin raawwattu.

44 “‘Kunoo, namni mammaaksatti fayyadamu hundi mammaaksa, “Intala haadhatti baate!”+ jedhu kana sitti mammaaka. 45 Ati intala haadha tee ishii abbaa manaa ishii fi ijoollee ishii tuffatte sanaa ti. Akkasumas obboleettii obboleettota kee warra abbootii manaa isaanii fi ijoollee isaanii tuffatan sanaa ti. Haati tee nama biyya Heet turte; abbaan kee immoo nama biyya Amoor ture.’”+

46 “‘Obboleettiin tee ishiin angafaa Samaariyaa+ ishii ijoollee durbaa ishii* wajjin si irraa gara kaabaa* jiraattu dha;+ obboleettiin tee ishiin quxisuun immoo Sodoom+ ishii ijoollee durbaa ishii wajjin si irraa gara kibbaa* jiraattu dha.+ 47 Ati daandiiwwan isaanii irra deddeebiʼuu fi gochawwan isaanii warra jibbisiisoo taʼan hordofuu qofa utuu hin taʼin, yeroo gabaabaa keessatti gochawwan kee hundumaatiin isaan caalaa kan mancaate taateetta.+ 48 Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, obboleettiin tee Sodoomii fi ijoolleen durbaa ishii wanta atii fi ijoolleen durbaa kee raawwattan hin raawwanne’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 49 ‘Kunoo, balleessaan obboleettii tee Sodoom kana ture: Ishiinii fi ijoolleen durbaa ishii+ kan boonan+ yeroo taʼu, nyaata hedduu qabu,+ tasgabbiidhaanis ni jiraatu turan;+ haa taʼu malee, isaan isa cunqurfamee fi hiyyeessa hin gargaarre.+ 50 Isaan of tuuluu+ isaanii fi gochawwan isaanii warra jibbisiisoo taʼan na duratti raawwachuu isaanii itti fufan;+ kanaafuu, isaan balleessuun barbaachisaa taʼee natti mulʼate.+

51 “‘Samaariyaan+ cubbuu hedduu ati raawwatte keessaa walakkaa isaa illee hin raawwanne. Gochawwan kee warra jibbisiisoo taʼan hundumaatiin kan kaʼe obboleettonni kee qajeeloo fakkaatanii hamma mulʼatanitti, ati isaan caalaa gochawwan kee warra jibbisiisoo taʼan baayʼisuu kee itti fufte.+ 52 Ati obboleettonni kee qajeeloo fakkaatanii akka mulʼatan waan gooteef,* amma salphina kee baachuu qabda. Ati isaan caalaa cubbuu jibbisiisaa taʼe raawwachuu keetiin kan kaʼe isaan si irra qajeelota taʼaniiru. Kanaafuu, obboleettonni kee qajeelota fakkaatanii akka mulʼatan waan gooteef, amma qaanaʼi, salphina kees baadhu.’

53 “‘Anis warra isaan keessaa boojiʼaman, jechuunis warra Sodoomii fi ijoollee durbaa ishii keessaa boojiʼaman, akkasumas warra Samaariyaa fi ijoollee durbaa ishii keessaa boojiʼaman walitti nan qaba; warra si keessaa boojiʼamanis isaanii wajjin walitti nan qaba;+ 54 kanas kanan godhu ati salphina kee akka baattuufi; isaan jajjabeessuudhaan wanta raawwatteen kan kaʼes ni salphatta. 55 Obboleettiin tee Sodoomii fi ijoolleen durbaa ishii gara haala isaanii isa duraaniitti ni deebiʼu; akkasumas obboleettiin tee Samaariyaanii fi ijoolleen durbaa ishii gara haala isaanii isa duraaniitti ni deebiʼu; atis ijoollee durbaa kee wajjin gara haala kee isa duraaniitti ni deebita.+ 56 Ati guyyaa itti of tuultetti maqaa obboleettii tee Sodoom iyyuu hin dhooftu turte; 57 kunis kan taʼe hamminni kee saaxilamuu isaa dura ture.+ Amma ijoolleen durbaa Sooriyaa fi olloonni ishii si arrabsu, ijoolleen durbaa Filisxeemotaa+ warri naannoo keetti argamanis sitti qoosu. 58 Atis miidhaa gocha kee isa qaanessaa taʼee fi gochawwan kee warra jibbisiisoo taʼaniin kan kaʼe dhufu ni baatta’ jedha Yihowaan.”

59 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ati kakuu koo cabsuudhaan kakaa sana waan tuffatteef,+ amma anis akkuma ati goote si irratti nan godha.+ 60 Haa taʼu malee, ani kakuu isan ijoollummaa keetti sii wajjin gale sana nan yaadadha; sii wajjinis kakuu dhaabbataa nan gala.+ 61 Obboleettota kee warra angafoota kee fi quxisuuwwan kee taʼan yommuu simattutti ati gocha kee yaadattee ni qaanofta;+ anis isaaniin akka ijoollee durbaatti siif nan kenna; kana kanan godhu garuu kakuu keetiin kan kaʼe miti.’

62 “‘Ani sii wajjin kakuu nan gala; atis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatta. 63 Ati wantoota kana hundumaa kan raawwatte taʼus yommuun araara siif argamsiisutti+ wanta raawwatte ni yaadatta, salphina si irra gaʼeen kan kaʼes afaan kee banachuuf illee akka malee ni qaanofta’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

17 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, mana Israaʼel ilaalchisee hibboo fi mammaaksa dubbadhu.+ 3 Akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Risaa guddaan,+ qoochoowwan guguddaa, baalleewwan dhedheeroo qabuu fi qaamni isaa labooba halluu garaa garaa qabuun uwwifame tokko gara Libaanon+ dhufee fiixee muka gaattiraa tokko qabate.+ 4 Latii fiixee isaa irra jiru kutees gara biyya daldaltootaatti* erga fidee booda magaalaa daldaltootaa tokko keessa isa dhaabe.+ 5 Achiis sanyii biyyattii keessaa muraasa fuudhee+ maasii gabbataa taʼe tokko keessa kaaʼe. Akkuma muka* bishaan baayʼee biratti biqiluuttis isa ni dhaabe. 6 Innis latee muka wayinii gabaabaa dalga babalʼatu,+ baalli isaa gara keessaatti garagalee fi hiddawwan isaa isa jalatti guddatan ni taʼe. Akka kanaan inni muka wayinii ni taʼe, latees damee ni baafate.+

7 “‘“Achiis risaa guddaan qoochoowwan guguddaa fi baalleewwan guguddaa+ qabu kan biraan ni dhufe.+ Mukti wayinii kunis hidda isaa iddoo biqiltuu bakka itti dhaabamee ture sana irraa fageessee hawwii guddaadhaan gara isaatti ni diriirse; bishaan akka isa obaasuufis damee isaa gara isaatti ni erge.+ 8 Inni dameewwanii fi firii akka godhatuuf, akkasumas muka wayinii guddaa akka taʼuuf, maasii gaarii bishaan baayʼee qabu keessa dhaabameera.”’+

9 “Akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Inni ni dagaagaa? Namni tokko hidda isaa ciree+ firiin isaa akka tortoruu fi dameen isaa akka coolligu hin godhuu?+ Inni akka malee waan goguuf, hidda isaa wajjin isa buqqisuuf irree cimaanis taʼe namni hedduun hin barbaachisu. 10 Inni buqqifamee bakka kan biraa kan dhaabame taʼus ni dagaagaa? Bubbeen bahaa yommuu itti bubbisu guutummaatti hin goguu? Inni iddoo biqiltuu bakka itti dagaagee ture sana keessatti ni goga.”’”

11 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 12 “Maaloo, warra finciltoota taʼan sanaan, ‘Hiika wantoota kanaa hin hubattanii?’ jedhi. Akkana isaaniin jedhi: ‘Kunoo, mootiin Baabilon gara Yerusaalem dhufee mootii ishii fi bulchitoota ishii fudhatee gara Baabilonitti deebiʼeera.+ 13 Kana malees, inni sanyii mootii keessaa isa tokko erga fudhatee+ booda isaa wajjin kakuu gale, akkasumas isa kaksiise.+ Achiis namoota biyyattii warra beekamoo taʼan fudhate;+ 14 kanas kan godhe mootummichi akka kufu, kaʼuus akka hin dandeenyeef ture; mootummichi itti fufuu kan dandaʼu sabichi kakuu sana yoo eege qofa ture.+ 15 Dhuma irratti garuu mootichi fardeenii fi raayyaa waraanaa guddaa isaan irraa argachuuf+ ergamtoota isaa gara Gibxiitti+ erguudhaan isa irratti ni fincile.+ Isaaf ni milkaaʼaa? Inni wantoota kana raawwate adaba jalaa ni miliqaa? Inni kakuu kana cabsee miliquu ni dandaʼaa?’+

16 “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, inni Baabilon ishii bakka mootichi* inni mootii isa* godhe sun keessa jiraatu keessatti ni duʼa; sababiin isaas, inni kakaa isaa tuffateera, kakuu isaas cabseera.+ 17 Lubbuu namoota hedduu balleessuuf yommuu biyyoon itti naanneffamee tuulamuu fi dallaan itti marfamee ijaaramutti raayyaan waraanaa Faraʼoon inni guddaanii fi loltoonni isaa hedduun waraana irratti isa hin gargaaran.+ 18 Inni kakaa tuffateera, kakuus cabseera. Waadaa galee* kan ture taʼus, wantoota kana hundumaa waan raawwateef hin miliqu.”’

19 “‘Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, miidhaa kakaa koo tuffachuu isaa fi kakuu koo cabsuu isaatiin kan kaʼe dhufu mataa isaa irratti nan fida.+ 20 Ani saaphana koo isa irratti nan diriirsa; innis saaphana koo isan ittiin qabuun ni qabama.+ Inni naaf amanamaa waan hin taaneef, ani gara Baabilonitti isa fidee achitti isatti nan murteessa.+ 21 Loltoonni isaa warri baqatan hundi goraadeedhaan kufu; warri hafanis kallattii hundumaatiin* ni bittinnaaʼu.+ Yeroo sanatti isin kana kan dubbate ana Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.”’+

22 “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Ani fiixee muka gaattiraa isa dheeraa taʼe sanaa irraa latii tokko fuudhee+ nan dhaaba; dameewwan fiixee isaa irraas latii+ haaraa tokko nan kuta; achiis anumti gaara dheeraa fi ol kaʼaa taʼe tokko irra isa nan dhaaba.+ 23 Gaara Israaʼel dheeraa taʼe tokko irra isa nan dhaaba; dameewwan isaa ni guddatu; innis firii ni godhata, muka gaattiraa guddaas ni taʼa. Akaakuun simbirrootaa hundi isa jala ni jiraatu; gaaddisa damee isaa jalas ni buufatu. 24 Mukeetiin dirree hundis muka dheeraa sana kan gad qabee fi muka gabaabaa sana kan ol kaase+ ana Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu; ani muka lalisaa sana gogseera, mukti gogaan sun immoo akka daraaru godheera.+ Ani Yihowaan kana dubbadheera, raawwadheeras.”’”

18 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Mammaaksi isin, ‘Firii wayinii dhangaggaaʼaa kan nyaatan abbootii dha; garuu ilkaan ilmaan isaanii ni hadoode’ jettanii biyya Israaʼel keessatti mammaaktan kun maali dha?+

3 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, isin mammaaksa kana biyya Israaʼel keessatti mammaakuu keessan itti hin fuftan. 4 Kunoo, lubbuun* hundi kan koo ti. Akkuma lubbuun abbaa kan koo taʼe, lubbuun ilmaas kan koo ti. Lubbuun* cubbuu hojjetu ni duʼa.

5 “‘Namni tokko qajeelaa, akkasumas wanta haqaa fi sirrii taʼe kan raawwatu taʼuu dandaʼa. 6 Namni kun aarsaawwan gaarota irratti+ waaqolii tolfamoodhaaf dhihaatan hin nyaatu; gara waaqolii tolfamoo mana Israaʼel warra balfamoo* taʼanii hin ilaalu; haadha manaa nama kan biraa hin xureessu+ yookiin dubartii laguu irra jirtuu wajjin saalqunnamtii hin raawwatu;+ 7 eenyuun iyyuu hin miidhu;+ kanaa mannaa, wanta namni liqeeffate tokko qabsiisa godhee isaaf kenne ni deebisa;+ eenyuun iyyuu hin saamu;+ kanaa mannaa, nyaata isaa isa beelaʼeef ni kenna;+ isa daares daara ni baasa;+ 8 dhala hin fudhatu yookiin haraaxaadhaan hin liqeessu;+ kanaa mannaa, haqa jalʼisuu irraa ni fagaata;+ yeroo hundumaas nama tokkoo fi isa kan biraa gidduutti haqaan murteessa;+ 9 amanamummaadhaan jiraachuufis akka dambiiwwan kootti ni deddeebiʼa, heerawwan koos ni eega. Namni akkanaa qajeelaa dha, inni dhuguma lubbuudhaan ni jiraata’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

10 “‘Haa taʼu malee, namni kun ilma yoo dhalchee fi ilmi isaa kun kan nama saamu+ yookiin kan nama ajjeesu*+ yookiin wantoota akkanaa kan raawwatu yoo taʼe, 11 (abbaan isaa wantoota kana keessaa isa kam iyyuu kan hin raawwanne taʼus) aarsaawwan gaarota irratti waaqolii tolfamoodhaaf dhihaatan kan nyaatu, haadha manaa nama kan biraa kan xureessu, 12 nama rakkataa fi hiyyeessa kan miidhu,+ kan nama saamu, wanta qabsiisaan fudhate kan hin deebisne, gara waaqolii tolfamoo balfamoo taʼanii kan ilaalu,+ gochawwan jibbisiisoo taʼan kan raawwatu,+ 13 haraaxaadhaan kan liqeessuu fi dhala kan fudhatu yoo taʼe,+ ilmi sun lubbuudhaan hin jiraatu. Wantoota jibbisiisoo kana hundumaa waan raawwateef, inni dhugumaan ni ajjeefama. Dhiigni isaa mataa isaa irra ni taʼa.

14 “‘Haa taʼu malee, ilmi tokko cubbuu abbaan isaa raawwatu hundumaa kan argu taʼus, inni wantoota akkanaa hin raawwatu taʼa. 15 Aarsaawwan gaarota irratti waaqolii tolfamoodhaaf dhihaatan hin nyaatu; gara waaqolii tolfamoo mana Israaʼel warra balfamoo taʼanii hin ilaalu; haadha manaa nama kan biraa hin xureessu; 16 eenyuun iyyuu hin miidhu; wanta qabsiisaan qabame of biratti hin hambisu; wanta akkamii iyyuu saamichaan hin fudhatu; nyaata isaa isa beelaʼeef ni kenna; isa qullaa taʼes daara ni baasa; 17 isa hiyyeessa taʼe cunqursuu irraa of qusata; haraaxaadhaan hin liqeessu yookiin dhala hin fudhatu; heerawwan koo hojii irra ni oolcha; akka dambiiwwan koottis ni deddeebiʼa. Namni akkanaa balleessaa abbaa isaatiin kan kaʼe hin duʼu. Inni dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata. 18 Abbaan isaa garuu gowwoomsaa waan raawwateef, obboleessa isaa waan saameef, saba isaa gidduuttis wanta sirrii hin taane waan raawwateef, balleessaa ofii isaatiin kan kaʼe ni duʼa.

19 “‘Isin garuu, “Ilmi balleessaa abbaa isaatiin kan kaʼe maaliif yakkamaa hin taʼu?” jettu. Ilmi sun wanta haqaa fi qajeelaa taʼe waan raawwateef, dambiiwwan koo hundumaa waan eegeef, waan raawwateefis, inni dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata.+ 20 Kan duʼu lubbuu* cubbuu hojjete sana dha.+ Ilmi balleessaa abbaa isaatiin kan kaʼe yakkamaa hin taʼu; abbaanis balleessaa ilma isaatiin kan kaʼe yakkamaa hin taʼu. Qajeelummaan nama qajeelaa isumaaf qofa lakkaaʼama; hamminni nama hamaas isuma irratti qofa lakkaaʼama.+

21 “‘Namni hamaan tokko cubbuu raawwatu hundumaa irraa yoo deebiʼe, dambiiwwan koo yoo eege, wanta haqaa fi qajeelaa taʼes yoo raawwate dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata. Inni hin duʼu.+ 22 Balleessaa raawwate keessaa inni tokko iyyuu isatti hin lakkaaʼamu.*+ Inni wanta qajeelaa taʼe waan raawwateef lubbuudhaan ni jiraata.’+

23 “‘Ani namni hamaan duʼuu isaatti nan gammadaa?+ Inni daandii isaa irraa deebiʼee lubbuudhaan akka jiraatun filadha mitii?’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

24 “‘Haa taʼu malee, namni qajeelaan qajeelummaa isaa dhiisee wantoota jibbisiisoo namni hamaan raawwatu hundumaa gochuudhaan balleessaa* yoo raawwate lubbuudhaan ni jiraataa? Wanta qajeelaa inni raawwate keessaa tokko illee hin yaadatamu.+ Inni amanamummaa dhabuu isaa fi cubbuu raawwateen kan kaʼe ni duʼa.+

25 “‘Isin garuu, “Daandiin Yihowaa jalʼaa dha” jettu.+ Yaa mana Israaʼel, maaloo dhagaʼaa! Jalʼaa kan taʼe daandii koo tii?+ Jalʼaa kan taʼe daandii keessan mitii?+

26 “‘Namni qajeelaan qajeelummaa raawwachuu isaa dhiisee balleessaa yoo raawwate, kanaan kan kaʼes yoo duʼe, inni kan duʼu balleessaa ofii isaatiin kan kaʼe dha.

27 “‘Namni hamaan wanta hamaa raawwatu irraa yoo deebiʼe, wanta haqaa fi qajeelaa taʼes raawwachuu yoo jalqabe, lubbuu* ofii isaa ni oolfata.+ 28 Dogoggora isaa hubatee balleessaa raawwatu hundumaa irraa yoo deebiʼe dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata. Inni hin duʼu.

29 “‘Manni Israaʼel garuu, “Daandiin Yihowaa jalʼaa dha” jedhu. Yaa mana Israaʼel, jalʼaa kan taʼe dhuguma daandii koo tii?+ Jalʼaa kan taʼe daandii keessan mitii?’

30 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, yaa mana Israaʼel, ani akka daandii keessaniitti tokkoon tokkoon keessan irratti nan murteessa.+ Isaan gufuu yakkamtoota isin godhu akka isinitti hin taaneef, deebiʼaa, eeyyee, balleessaa keessan hundumaa irraa guutummaatti deebiʼaa. 31 Balleessaa raawwattan hundumaa of irraa fageessaa;+ garaa haaraa fi hafuura haaraa qabaadhaa;*+ yaa mana Israaʼel, maaliif duutu?’+

32 “‘Ani namni kam iyyuu duʼuu isaatti hin gammadu.+ Kanaafuu, deebiʼaa, lubbuudhaanis jiraadhaa’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

19 “Geggeessitoota Israaʼel ilaalchisee faaruu gaddaa tokko faarfadhu; 2 akkana jedhi:

‘Haati tee maal fakkaatti turte? Leenca dhaltuu leencota gidduu jirtu fakkaatti.

Ishiin leencota saafela ciccimoo taʼan gidduu ciistee ilmoolee ishii guddiste.

 3 Ilmoolee ishii keessaa isa tokko ni guddiste, innis leenca saafela cimaa taʼe.+

Inni wanta adamsee qabate akkamitti akka cicciru ni bare,

Namoota illee ni nyaate.

 4 Saboonnis waaʼee isaa dhagaʼanii boolla isaanii keessatti isa qaban,

Achiis hookkoodhaan qabanii gara biyya Gibxiitti isa geessan.+

 5 Ishiinis ni eegde, dhuma irrattis inni deebiʼuuf abdii akka hin qabne ni hubatte.

Kanaafuu, ilmoolee ishii keessaa isa kan biraa fuutee leenca saafela cimaa gootee isa ergite.

 6 Innis leencota gidduu asii fi achi ni deeme, leenca saafela cimaas ni taʼe.

Inni wanta adamsee qabate akkamitti akka cicciru ni bare, namoota illee ni nyaate.+

 7 Inni masaraawwan isaanii warra ciccimoo gidduutti riphee eeggatee magaalota isaanii ni barbadeesse,

Kanaan kan kaʼes, biyyi ona taʼe sun sagalee barooda isaatiin ni guutame.+

 8 Saaphana isaanii isa irratti gatuuf saboonni koonyaawwan naannoo sanatti argaman irraa ni dhufan,

Innis boolla isaanii keessatti qabame.

 9 Isaanis hookkoodhaan qabanii guuboo sibiilaa keessa isa galchanii gara mootii Baabilonitti isa geessan.

Sana booda sagaleen isaa gaarota Israaʼel irratti akka hin dhagaʼamneef achitti isa hidhan.

10 Haati tee dhiiga kee* keessatti akkuma muka wayinii+ bishaan qarqara dhaabamee turte.

Mukti wayinii sunis, bishaan baayʼee sanaan kan kaʼe firii godhate, dameewwaniinis ni guutame.

11 Inni dameewwan* ciccimoo ulee bulchitootaatiif oolan ni baafate.

Inni ni guddate, mukeetii kan biroo irras ni caale,

Dheerina isaa fi baalawwan hedduu qabaachuu isaatiin kan kaʼes akka gaariitti kan mulʼatu ni taʼe.

12 Haa taʼu malee, ishiin aarii guddaadhaan buqqifamtee+ lafatti ni gatamte,

Bubbeen bahaas firii ishii ni gogse.

Dameewwan ishii warri ciccimoon waan ciramaniif ni gogan,+ ibiddaanis ni gubatan.+

13 Amma ishiin lafa onaa,

Lafa bishaan hin qabnee fi goge keessa dhaabamteetti.+

14 Ibiddis dameewwan* ishii irraa kaʼee latiiwwan ishii fi firii ishii ni nyaate,

Damee cimaanis taʼe uleen bulchiinsaaf taʼu isa irratti hin hafne.+

“‘Kun faaruu gaddaa ti; gara fuulduraatiifis faaruu gaddaa taʼee tajaajila.’”

20 Waggaa torbaffaatti, jiʼa shanaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa kurnaffaatti jaarsoliin Israaʼel muraasni dhufanii Yihowaa gaafachuuf na dura taaʼan. 2 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 3 “Yaa ilma namaa, jaarsolii Israaʼelitti dubbadhu, akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Isin na gaafachuuf dhuftanii? ‘Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ani gaaffii keessaniif deebii hin kennu’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”’

4 “Ati isaan irratti murteessuuf* qophoofteettaa? Yaa ilma namaa, isaan irratti murteessuuf qophoofteettaa? Wantoota jibbisiisoo abbootiin isaanii raawwatan isaanitti himi.+ 5 Akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Guyyaan Israaʼeliin filadhetti,+ sanyii mana Yaaqoobiif nan kakadhe;* biyya Gibxii keessattis eenyummaa koo isaanitti nan beeksise.+ Eeyyee, ani isaaniif nan kakadhe; akkasumas, ‘Ani Waaqa keessan Yihowaa dha’ nan jedhe. 6 Guyyaa sanatti biyya Gibxii keessaa isaan baasee gara biyyan isaaniif filadhetti,* biyya aannanii fi damma maddisiistutti akkan isaan galchu nan kakadhe.+ Ishiin biyyoota hundumaa caalaa bareedduu* turte. 7 Achiis, ‘Tokkoon tokkoon keessan wantoota jibbisiisoo isin dura jiran of biraa balleessaa; waaqolii tolfamoo Gibxii warra balfamoo* taʼaniin of hin xureessinaa.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha’ isaaniin nan jedhe.+

8 “‘“Isaan garuu ana irratti ni fincilan; na dhagaʼuufis fedhii hin qaban turan. Wantoota jibbisiisoo isaan dura turan of biraa hin balleessine; waaqolii tolfamoo Gibxii warra balfamoo taʼanis hin dhiisne.+ Kanaafuu, biyya Gibxii keessatti dheekkamsa koo isaan irratti dhangalaasuuf, aarii koos guutummaatti isaan irratti gadhiisuuf nan murteesse. 9 Haa taʼu malee, maqaan koo saboota isaan gidduu isaanii jiraachaa turan duratti akka hin xuroofnetti, maqaa kootiif jedhee tarkaanfii nan fudhadhe.+ Sababiin isaas, yommuun biyya Gibxii keessaa isaan* baasetti saboota kana duratti eenyummaa koo isaanitti* beeksiseen ture.+ 10 Kanaafuu, biyya Gibxii keessaa isaan baasee gara lafa onaatti isaan nan erge.+

11 “‘“Achiis namni isaaniin hordofu ittiin jireenya akka argatuuf,+ dambiiwwan koo isaaniif nan kenne; heerawwan koos isaanitti nan beeksise.+ 12 Kan isaan qulqulleessu ana Yihowaa taʼuu koo akka beekaniif, anaa fi isaan gidduutti mallattoo+ godhee sanbatawwan koos isaaniif nan kenne.+

13 “‘“Manni Israaʼel garuu lafa onaa keessatti ana irratti ni fincilan.+ Isaan akka dambiiwwan kootti hin deddeebine; heerawwan koo warra namni tokko yoo hordofe ittiin jireenya argatus ni tuffatan. Isaan sanbatawwan koo guutummaatti ni xureessan. Kanaafuu, ani lafa onaa keessatti haxaaʼee isaan balleessuuf jecha dheekkamsa koo isaan irratti dhangalaasuuf nan murteesse.+ 14 Taʼus, maqaan koo saboota biyya Gibxii keessaa yommuun isaan* baasu argan sana duratti akka hin xuroofnetti, maqaa kootiif jedhee tarkaanfii nan fudhadhe.+ 15 Gara biyyan isaaniif kennee turetti, gara biyya aannanii fi damma maddisiistu+ ishii biyyoota hundumaa caalaa bareedduu* taate sanatti akkan isaan hin galchines lafa onaa keessatti nan kakadhe;+ 16 kanas kanan godhe, isaan heerawwan koo waan tuffataniif, akka dambiiwwan kootti waan hin deddeebineef, sanbatawwan koos waan xureessaniif ture; sababiin isaas, garaan isaanii waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼan duukaa buʼee ture.+

17 “‘“Haa taʼu malee, ani isaaniif nan gadde,* isaan hin balleessines; lafa onaa keessatti haxaaʼee isaan hin balleessine. 18 Lafa onaa keessattis ilmaan isaaniitiin akkana nan jedhe:+ ‘Akka dambiiwwan abbootii keessaniitti hin deddeebiʼinaa+ yookiin murtiiwwan isaanii hin eeginaa yookiin waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼaniin of hin xureessinaa. 19 Ani Waaqa keessan Yihowaa dha. Akka dambiiwwan kootti deddeebiʼaa; heerawwan koos eegaa, raawwadhaas.+ 20 Sanbatawwan koo qulqulleessaa;+ ani Waaqa keessan Yihowaa taʼuu koo akka beektaniif, isaan anaa fi isin gidduutti mallattoo taʼanii ni tajaajilu.’+

21 “‘“Ilmaan sun garuu ana irratti finciluu jalqaban.+ Isaan akka dambiiwwan kootti hin deddeebine; heerawwan koo warra namni tokko yoo hordofe ittiin jireenya argatus hin eegne, hin raawwannes. Sanbatawwan koo ni xureessan. Kanaafuu, lafa onaa keessatti dheekkamsa koo isaan irratti dhangalaasuuf, aarii koos guutummaatti isaan irratti gadhiisuuf nan murteesse.+ 22 Haa taʼu malee, maqaan koo saboota biyya Gibxii keessaa yommuun isaan* baasu argan sana duratti akka hin xuroofnetti, maqaa ofii kootiif jedhee of nan toʼadhe,+ tarkaanfiis nan fudhadhe.+ 23 Kana malees, saboota gidduutti akkan isaan bittinneessuu fi biyyoota adda addaatti akkan isaan faffacaasu lafa onaa keessatti nan kakadhe;+ 24 kanas kanan godhe, isaan heerawwan koo hojii irra waan hin oolchineef, dambiiwwan koo waan tuffataniif,+ sanbatawwan koo waan xureessaniif, waaqolii tolfamoo abbootii isaanii warra balfamoo taʼan sana duukaas waan buʼaniifi.*+ 25 Dambiiwwan gaarii hin taanee fi heerawwan jireenya isaaniif hin argamsiisne duukaa akka buʼanis isaaniif nan heyyame.+ 26 Anis badiisni akka isaan irra gaʼu gochuuf, isaan ijoollee isaanii warra angafaa hundumaa ibiddaan gubanii aarsaa godhanii dhiheessuudhaan+ akka of xureessan nan heyyame; kunis ani Yihowaa taʼuu koo akka beekan gochuufi.”’

27 “Kanaafuu yaa ilma namaa, mana Israaʼelitti dubbadhu, akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Abbootiin keessan anaaf amanamoo utuu hin taʼin hafuudhaan karaa kanaanis na arrabsaniiru. 28 Anis gara biyyan isaaniif kennuuf kakadhetti isaan nan galche.+ Isaanis yommuu tabbawwan ol kaʼoo fi mukeetii lalisoo+ hundumaa arganitti aarsaawwan isaanii fi kennaawwan isaanii warra na dheekkamsiisan dhiheessuu ni jalqaban. Achittis aarsaawwan isaanii warra urgaan isaanii gammachiisu* ni dhiheessan, aarsaawwan dhugaatii isaaniis ni dhangalaasan. 29 Kanaafuu, akkana jedheen isaan gaafadhe: ‘Iddoo ol kaʼaan isin gara isaa deemtan kun hiika maalii qaba? (Inni hamma harʼaatti iyyuu Iddoo Ol Kaʼaa jedhamee waamama.)’”’+

30 “Ammas mana Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Isinis akkuma abbootiin keessan isaanii wajjin karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwachuuf waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼan sana duukaa buʼuudhaan of xureessanitti of xureessaa jirtuu?+ 31 Isin amma iyyuu ijoollee keessan ibiddaan gubdanii waaqolii tolfamoo keessan warra balfamoo taʼan hundumaatiif aarsaa dhiheessuudhaan hamma harʼaatti of xureessaa jirtuu?+ Yaa mana Israaʼel, ani hoo yeroo kanatti gaaffii keessaniif deebii kennuun qabaa?”’+

“Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ani gaaffii keessaniif deebii hin kennu.+ 32 Wanti isin, “Kottaa, akka saboota kaanii, akka maatiiwwan biyyoota kan biroo keessa jiran warra mukaa fi dhagaa waaqeffatan* sanaa haa taanu”+ jettanii garaa* keessanitti yaaddan sun matumaa hin raawwatamu.’”

33 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ani harka jabaadhaan, irree diriirfamee fi dheekkamsa guddaadhaan+ mootii taʼee isin nan bulcha. 34 Ani harka jabaadhaan, irree diriirfamee fi dheekkamsa guddaadhaan saboota gidduudhaa isin nan baasa; biyyoota isin itti bittinnooftan keessaas walitti isin nan qaba.+ 35 Gara lafa onaa sabootaatti isin fidee achitti fuulaa fuulatti isin irratti nan murteessa.+

36 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Akkuman lafa onaa biyya Gibxii keessatti abbootii keessan irratti murteesse, isin irrattis nan murteessa. 37 Ulee tiksituu jala akka darbitan,+ akkasumas dirqama kakuu sanaa jala* akka galtan nan godha. 38 Haa taʼu malee, finciltootaa fi warra ana irratti balleessaa raawwatan isin gidduudhaa nan balleessa.+ Biyya namoota biyya ormaa taʼanii keessa jiraatan keessaa isaan nan baasa; taʼus isaan gara biyya Israaʼelitti hin seenan;+ isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.’

39 “Yaa mana Israaʼel, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan isiniin ilaalchisee akkana jedha: ‘Tokkoon tokkoon keessan deemaatii waaqolii tolfamoo keessan warra balfamoo taʼan tajaajilaa.+ Sana booda yoo na dhagaʼuu baattan ani isin nan dhiisa. Aarsaawwan keessanii fi waaqolii tolfamoo keessan warra balfamoo taʼaniin kana booda maqaa koo isa qulqulluu xureessuu hin dandeessan.’+

40 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Sababiin isaas, gaara koo isa qulqulluu, jechuunis gaara Israaʼel isa ol kaʼaa+ irratti guutummaan mana Israaʼel, eeyyee, hundi isaanii iyyuu biyyattii keessatti na tajaajilu.+ Anis achitti isaanitti nan gammada; buusiiwwan keessanii fi firiiwwan jalqabaa aarsaawwan keessanii, jechuunis wantoota qulqulluu dhiheessitan hundumaa isin irraa nan barbaada.+ 41 Urgaa gammachiisu* sanaan kan kaʼe, yommuun saboota gidduudhaa isin baasuu fi biyyoota itti bittinnooftan keessaa walitti isin qabutti isinitti nan gammada;+ isin gidduutti qulqulluu taʼuu koos saboota duratti nan argisiisa.’+

42 “‘Yommuun gara biyya Israaʼel isan abbootii keessaniif kennuuf kakadhe sanatti isin fidu,+ isin ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+ 43 Isinis achitti amala keessanii fi gochawwan keessan warra ittiin of xureessitan sana hundumaa ni yaadattu;+ wantoota hamoo raawwattan hundumaatiin kan kaʼes of* jibbitu.+ 44 Yaa mana Israaʼel, akka amala keessan isa hamaatti yookiin akka gochawwan keessan warra mancaʼoo taʼanitti utuu hin taʼin, maqaa kootiif jedhee yommuun tarkaanfii fudhadhu, ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

45 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 46 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara kibbaatti naannessiitii kallattii kibbaatti labsi; bosona dirree kibbaattis raajii dubbadhu. 47 Bosona kibbaa sanaan akkana jedhi: ‘Dubbii Yihowaa dhagaʼi. Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, ani si irratti ibidda nan qabsiisa;+ innis muka lalisaa fi muka gogaa si keessatti argamu hundumaa ni guba. Laboobni bobaʼu sun hin dhaamu;+ innis kibba irraa jalqabee hamma kaabaatti fuula hundumaa ni waxala. 48 Foon* hundis bosona sanatti ibidda kan qabsiise anuma Yihowaa taʼuu koo ni hubata; ibiddichis hin dhaamu.”’”+

49 Anis, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, anaaf wayyoo! Isaan, ‘Inni yeroo hundumaa hibboo* dubbata mitii?’ jedhanii waaʼee koo dubbachaa jiru” nan jedhe.

21 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Yerusaalemitti naannessiitii iddoowwan qulqulluu irratti labsi, biyya Israaʼel irrattis raajii dubbadhu. 3 Biyya Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, ani si irratti kaʼeera; goraadee koo manʼee isaa keessaa luqqisee+ isa qajeelaa fi isa hamaa si keessaa nan balleessa. 4 Ani isa qajeelaa fi isa hamaa si keessaa waanan balleessuuf, kibba irraa jalqabee hamma kaabaatti foon* hundumaa irratti goraadeen koo manʼee isaa keessaa ni luqqifama. 5 Namoonni hundis goraadee koo manʼee isaa keessaa kan luqqise anuma Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu. Inni lammata gara manʼee isaatti hin deebiʼu.”’+

6 “Atis yaa ilma namaa, hollachaa* aadi; eeyyee, isaan duratti akka malee aadi.+ 7 Isaan, ‘Maaliif aadda?’ jedhanii yoo si gaafatan, ati immoo, ‘Oduu tokko dhagaʼeeni’ isaaniin jetta. Sababiin isaas, inni dhugumaan ni dhufa, garaan hundi sodaadhaan ni baqa, harki hundi lamshaaʼee ni rarraʼa, hafuurri hundi ni dadhaba, jilba hunda irras bishaan ni yaaʼa.*+ ‘Kunoo, inni dhugumaan ni dhufa; eeyyee, ni raawwatama’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

8 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 9 “Yaa ilma namaa, raajii dubbadhu, akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Goraadeen, eeyyee, goraadeen+ tokko qarameera, cululuqfameeras. 10 Inni namoota hedduu gorraʼuuf qarameera; akka bakakkaatti akka calaqqisuufis cululuqfameera.”’”

“Nuti gammaduu hin qabnuu ree?”

“‘Inni* akkuma muka hundumaa irratti godhutti, ulee mootii ilma kootii+ ni tuffataa?

11 “‘Inni akka cululuqfamuu fi harkatti akka qabamuuf kennameera. Inni nama ajjeesu sun akka isa qabatuuf goraadeen kun qarameera, cululuqfameeras.+

12 “‘Yaa ilma namaa, goraadeen sun saba koo irratti waan dhufeef iyyi, gadoodis;+ inni geggeessitoota Israaʼel hundumaa irratti dhufeera.+ Isaan saba koo wajjin goraadeedhaan ni ajjeefamu. Kanaafuu, gaddaan tafa kee rukuti. 13 Sababiin isaas, qorannaan geggeeffameera;+ maarree goraadeen sun ulee mootii yoo tuffate maaltu taʼa? Inni* ni bada’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

14 “Yaa ilma namaa, raajii dubbadhu, harka kee walitti rurrukutiitii siʼa sadii, ‘Goraadee!’ jedhii dubbadhu. Isaanitti marsee kan jiru goraadee namoota ajjeesu, goraadee namoota hedduu gorraʼu sana dha.+ 15 Garaan isaanii sodaadhaan ni baqa;+ namoonni hedduunis karrawwan magaalaa isaanii irratti ni kukkufu; anis goraadeedhaan isaan nan gorraʼa. Eeyyee, inni akkuma bakakkaatti ni calaqqisa, gorraʼuufis cululuqfameera! 16 Gara mirgaatti humnaan kuti! Gara bitaattis sochoʼi! Gara qarri kee itti garagale hundumaa deemi! 17 Anis harka koo walitti rukutee dheekkamsa koo nan qabbaneessa.+ Kana kan dubbate ana Yihowaa dha.”

18 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 19 “Ati garuu yaa ilma namaa, daandiiwwan goraadeen mootii Baabilon irra dhufu lama irratti mallattoo godhi. Lamaan isaanii iyyuu biyyuma tokko irraa ni kaʼu; bakka daandiin gara magaalota lamaanitti geessu sun addaan itti baʼu irrattis mallattoon* tokko haa dhaabamu. 20 Daandii isa tokko goraadee Raabaa+ ishii kan Amoonotaa taate irratti dhufuuf mallattoo godhi; daandii isa kan biraa immoo goraadee Yerusaalem ishii dallaa dhagaa qabduu+ fi Yihudaa keessatti argamtu irratti dhufuuf mallattoo godhi. 21 Sababiin isaas, mootiin Baabilon bakka daandichi itti hiramu, jechuunis bakka daandiiwwan lamaan addaan itti baʼan irratti falfala raawwachuuf ni dhaabbata. Xiyyawwan sana ni sochoosa. Waaqolii tolfamoo isaa* ni mariisisa; tiruus ni qora. 22 Falfalli harka mirgaa isaa keessa jiru, meeshaa ittiin diigan dhaabuuf, isa gorraʼu sanaaf ajaja kennuuf, iyya waraanaa dhageessisuuf, meeshaa ittiin diigan karrawwan sana irratti dhaabuuf, biyyoo tuuluu fi dallaa ittisaa ijaaruuf gara Yerusaalemitti argisiise.+ 23 Haa taʼu malee, warra* kakaa isaaniif kakatanii turan sana duratti, kun falfala sobaa fakkaatee ni mulʼata.+ Inni garuu yakka isaanii ni yaadata, akkasumas isaan ni qaba.+

24 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Isin balleessaa keessan saaxiluudhaan, gocha keessan hundumaatiinis cubbuun keessan akka mulʼatu gochuudhaan yakki keessan akka yaadatamu gootaniittu. Egaa amma waan yaadatamtaniif, humnaan* ni fudhatamtu.’

25 “Haa taʼu malee, yaa geggeessaa Israaʼel isa akka malee madooftee fi hamaa taate nana,+ guyyaan kee, yeroon adaba dhumaa itti adabamtu gaʼeera. 26 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Marata mataa of irraa fuudhi, gonfoos of irraa kaasi.+ Kun akka kanaan itti hin fufu.+ Isa gad deebiʼe ol kaasi,+ isa ol kaʼes gad deebisi.+ 27 Ani isa nan diiga, nan diiga, nan diiga. Hamma inni mirga seeraa qabu sun dhufutti,+ inni kan eenyuu iyyuu hin taʼu; anis isaaf nan kenna.’+

28 “Atis yaa ilma namaa, raajii dubbadhu, akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan Amoonotaa fi arrabsoo isaanii ilaalchisee akkana jedha. Gorraʼuudhaaf goraadeen, eeyyee, goraadeen tokko luqqifameera; inni nyaachuu fi akka bakakkaatti calaqqisuuf cululuqfameera. 29 Siin ilaalchisee mulʼanni sobaa fi falfalli sobaa yoo dubbatame iyyuu, ati warra ajjeefaman,* namoota hamoo guyyaan isaanii, jechuunis yeroon adaba dhumaa itti adabaman gaʼe irra ni tuulamta. 30 Manʼee isaatti deebisi. Ani bakka ati itti uumamte keessatti, biyya keessaa argamte keessatti si irratti nan murteessa. 31 Dheekkamsa koo si irratti nan dhangalaasa. Ibidda dheekkamsa kootii si irratti nan bobeessa; harka namoota gara jabeeyyii badiisa geessisuu irratti ogummaa qabaniittis dabarsee sin kenna.+ 32 Ati ibiddichaaf qoraan ni taata;+ dhiigni kee biyyattii keessatti ni dhangalaʼa; atis kana booda hin yaadatamtu; kana kan dubbate ana Yihowaa dha.’”

22 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, magaalaa dhiigaan itti gaafatamtu+ irratti murtii dabarsuuf, wantoota jibbisiisoo+ ishiin raawwattu hundumaas ishiitti beeksisuuf qophoofteettaa? 3 Akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa magaalaa of keessatti dhiiga dhangalaastu,+ ishii yeroon ishii gaʼee+ fi of xureessuuf waaqolii tolfamoo warra balfamoo* taʼan tolchitu nana,+ 4 dhiigni dhangalaaste yakkamtuu si godheera;+ waaqolii tolfamoon kee warri balfamoo taʼanis si xureessaniiru.+ Ati yeroo guyyoonni kee itti xumuraman ariifachiisteetta; dhumni waggoota keetiis gaʼeera. Saboota duratti kan arrabsamtu, biyyoota hundumaa durattis kan itti qoosamu akka taatu kanan si godhu kanaafi.+ 5 Yaa ishii maqaan kee xuraaʼaa taʼee fi jeequmsaan guutamte nana, biyyoonni sitti dhihoo jiranis taʼe si irraa fagoo jiran sitti ni qoosu.+ 6 Kunoo, geggeessitoonni Israaʼel si gidduutti argaman hundi dhiiga dhangalaasuuf aangoo isaaniitti fayyadamu.+ 7 Isaan si gidduutti abbaa isaanii fi haadha isaanii ni tuffatu.+ Nama biyya ormaa ni gowwoomsu; mucaa abbaa hin qabnee* fi dubartii abbaan manaa irraa duʼes ni cunqursu.”’”+

8 “‘Ati iddoowwan koo warra qulqulluu taʼan ni tuffatta, sanbatawwan koos ni xureessita.+ 9 Si gidduutti warri maqaa balleessanii fi dhiiga dhangalaasuu barbaadan jiru.+ Si gidduutti gaarota irratti aarsaawwan ni nyaatu; gocha qaanessaa taʼes si keessatti ni raawwatu.+ 10 Si gidduutti siree abbaa isaanii ni salphisu;*+ dubartii laguudhaan xurooftee wajjin saalqunnamtii raawwatu.+ 11 Si gidduutti namni tokko haadha manaa nama kan biraa wajjin wanta jibbisiisaa taʼe raawwata,+ inni kan biraan gocha qaanessaa taʼeen haadha manaa ilma isaa xureessa,+ inni kan biraan immoo obboleettii isaa ishii intala abbaa isaa taate xureessa.+ 12 Si gidduutti isaan dhiiga dhangalaasuuf mattaʼaa fudhatu.+ Atis dhalaan yookiin buʼaa* argachuuf jettee liqeessita;+ olloota kee irraas maallaqa saamta.+ Eeyyee, ati guutummaatti na irraanfatteetta’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

13 “‘Kunoo, ani buʼaa sirrii hin taane isa ati argattee fi gocha dhiiga dhangalaasuu si keessatti raawwatameen kan kaʼe jibbaan harka koo walitti nan rukuta. 14 Guyyaa ani si irratti tarkaanfii fudhadhutti garaan kee fi harki kee akkuma cimaa taʼetti itti fufaa?+ Kana kan dubbate ana Yihowaa dha; tarkaanfiis nan fudhadha. 15 Ani saboota gidduutti sin bittinneessa, biyyoota gidduuttis sin faffacaasa;+ xuraaʼummaa kees nan balleessa.+ 16 Atis saboota duratti ni salphatta; ani Yihowaa taʼuu koos dhugumaan ni hubatta.’”+

17 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 18 “Yaa ilma namaa, manni Israaʼel anaaf akkuma kosii gatii hin qabnee taʼaniiru. Hundi isaanii iyyuu sibiila diimaa, qorqorroo, sibiilaa fi sibiila irsaasii iddoo ibiddaa keessa jiru dha. Isaan xurii meetii keessaa baʼu taʼaniiru.+

19 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Hundi keessan iyyuu akkuma kosii gatii hin qabnee+ waan taataniif, ani Yerusaalem keessatti walitti isin nan qaba. 20 Akkuma meetiin, sibiilli diimaan, sibiilli, sibiilli irsaasii fi qorqorroon ibiddi itti bobeeffamee akka baquuf iddoo ibiddaa keessatti walitti qabamutti, anis dheekkamsaa fi aarii kootiin walitti isin nan qaba; ibidda isinitti bobeessees isin nan baqsa.+ 21 Ani walitti isin qabee ibidda dheekkamsa kootii isinitti nan bobeessa;+ isinis ishii keessatti ni baqfamtu.+ 22 Akkuma meetiin iddoo ibiddaa keessatti baqfamu, isinis ishii keessatti ni baqfamtu; ani Yihowaan aarii koo akkan isin irratti dhangalaases dhugumaan ni hubattu.’”

23 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 24 “Yaa ilma namaa, akkana ishiidhaan jedhi: ‘Ati guyyaa dheekkamsa kootti biyya hin qulqulleeffamne yookiin bokkaan irratti hin roobne dha. 25 Raajonni ishii akkuma leenca baroodaa wanta adamse cicciruutti ishii keessatti daba qopheessaniiru.+ Isaan namoota* ni nyaatu. Qabeenyaa fi wantoota gatii guddaa qaban ni saamu. Dubartoonni abbaan manaa irraa duʼe ishii keessatti akka baayʼatanis godhaniiru. 26 Luboonni ishii seera koo cabsaniiru,+ iddoowwan koo warra qulqulluu taʼanis xureessuu isaanii itti fufaniiru.+ Isaan wanta qulqulluu taʼee fi wanta kan biraa gidduu garaa garummaan akka jiraatu hin godhan;+ wanta qulqulluu hin taanee fi wanta qulqulluu taʼe beeksisuu dhiisaniiru;+ sanbatawwan koo kabajuu didaniiru; anis isaan gidduutti xureeffameera. 27 Bulchitoonni ishii warri ishii gidduutti argaman akkuma yeeyyii wanta adamse cicciruu ti; isaan faayidaa sirrii hin taane argachuuf dhiiga ni dhangalaasu, namootas* ni ajjeesu.+ 28 Raajonni ishii garuu gochawwan isaanii irratti nooraa dibaniiru. Isaan mulʼata sobaa ni argu, falfala sobaas ni raawwatu;+ akkasumas utuu Yihowaan hin dubbatin, “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha” jedhu. 29 Namoonni biyyattii gowwoomsaa fi saamicha raawwataniiru,+ isa rakkataa fi isa hiyyeessa taʼes cunqursaniiru, nama biyya ormaa gowwoomsaniiru, haqas isa dhowwataniiru.’

30 “‘Biyyattiin akka hin balleeffamneef, ani isaan gidduudhaa nama dallaa dhagaa sana haaressu yookiin baqaqaa sana gidduu na dura dhaabbatu barbaadaan ture;+ garuu nama tokko illee hin arganne. 31 Kanaafuu, dheekkamsa koo isaan irratti nan dhangalaasa; ibidda aarii kootiinis haxaaʼee isaan nan balleessa. Miidhaa daandii isaaniitiin kan kaʼe dhufus mataa isaanii irratti nan fida’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

23 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, dubartoonni haadha takka irraa dhalatan lama jiru turan.+ 3 Isaanis biyya Gibxii keessatti sagaagaltoota taʼan;+ dargaggummaa isaaniitii jalqabees sagaagalummaa irratti ni hirmaatu turan. Achitti harmi isaanii ni susukkuumame; bobaan durbummaa isaaniis ni tuttuqame. 4 Maqaan ishii angafaa Oholaa,* kan obboleettii ishii immoo Oholibaa* ture. Isaan kan koo ni taʼan; ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni daʼan. Oholaan Samaariyaa+ dha, Oholibaan immoo Yerusaalemi.

5 “Oholaan utuma kan koo taatee jirtuu sagaagalummaa raawwachuu jalqabde.+ Ishiin kajeellaa ishiitiin warra baayʼee ishii jaallatan,+ jechuunis Asoorota warra olloota ishii taʼan duukaa ni buute.+ 6 Isaan bulchitoota uffata bifa cuquliisaa uffatanii fi bulchitoota gad aanoo turan; hundi isaanii iyyuu dargaggoota mimmiidhagoo farda gulufuu irratti dandeettii qaban turan. 7 Ishiinis ilmaan Asoor warra filatamoo taʼan hundumaa wajjin sagaagalummaa raawwachuu ishii itti fufte; waaqolii tolfamoo balfamoo* kan warra kajeellaa ishiitiin duukaa buute sanaatiinis of xureessite.+ 8 ishiin sagaagalummaa biyya Gibxii keessatti raawwatte sana hin dhiisne; sababiin isaas, isaan yeroo dargaggummaa ishiitti ishii wajjin ciisaniiru; bobaa durbummaa ishii tuttuqanii kajeellaa guddaadhaan ishii wajjin saalqunnamtii* raawwataniiru.+ 9 Kanaafuu, ani harka warra baayʼee ishii jaallataniitti, jechuunis harka ilmaan Asoor warra ishiin kajeellaa ishiitiin duukaa buutee turte sanaatti dabarsee ishii nan kenne.+ 10 Isaanis qullaa ishii saaxilan;+ ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa ishii ni fudhatan;+ ishiis goraadeedhaan ajjeesan. Ishiin dubartoota gidduutti hamtuu ni taate; isaanis ishii irratti murtii dabarsan.

11 “Obboleettiin ishii Oholibaan kana yommuu argitu, kajeellaan ishii caalaatti ni hammaate; sagaagalummaan ishiis kan obboleettii ishii irra hammaate.+ 12 Ishiin kajeellaa ishiitiin ilmaan Asoor warra olloota ishii taʼan duukaa ni buute;+ isaan bulchitootaa fi bulchitoota gad aanoo warra uffata gaggaarii uffatanii fi farda gulufuu irratti dandeettii qaban yeroo taʼan, hundi isaanii iyyuu dargaggoota mimmiidhagoo turan. 13 Ishiinis yommuu of xureessitetti, lamaan isaanii iyyuu daandii tokko akka hordofan+ nan hubadhe. 14 Ishiin garuu ittuma caalchistee sagaagalummaa raawwachuu ishii itti fufte. Ishiin dhiirota girgiddaa irratti bocaman, fakkiiwwan Kaladootaa bocamanii halluu diimaa dibaman ni ilaalte; 15 isaan mudhii isaaniitti qabattoo, mataa isaaniittis marata rarraʼu hidhatanii turan; bifa loltootaa kan qaban yeroo taʼu, hundi isaanii iyyuu namoota Baabilon warra biyya Kaladootaatti dhalatan argisiisu turan. 16 Ishiinis akkuma isaan argiteen kajeellaa ishiitiin isaan duukaa buʼuu jalqabde; gara biyya Kaladootaattis ergamtoota isaanitti ni ergite.+ 17 Kanaafuu, ilmaan Baabilon gara siree ishii isa jaalala itti waliif ibsanitti dhufanii kajeellaa isaaniitiin* ishii xureessan. Erga ishii xureessanii boodas, ishiin* isaan jibbitee irraa garagalte.

18 “Ishiin qaanii malee sagaagalummaa raawwachuu fi qullaa ishii saaxiluu ishii yommuu itti fuftetti,+ akkuman obboleettii ishii irraa jibbaan garagaletti, ishii irraas jibbaan nan garagale.+ 19 Ishiinis bara dargaggummaa ishii isa biyya Gibxii keessatti sagaagalummaa itti raawwatte+ sana yaadachuudhaan caalaatti sagaagalummaa raawwachuu ishii itti fufte.+ 20 Akkuma saajjatoota* dhiirota qaamni saalaa isaanii kan akka harree fi kan akka fardaa taʼe sanaattis kajeellaa ishiitiin isaan duukaa ni buute. 21 Ati gocha qaanessaa bara dargaggummaa keetti biyya Gibxii keessatti+ yommuu isaan bobaa kee, jechuunis harma ijoollummaa kee itti tuttuqaa turanitti raawwatte sana ni hawwite.+

22 “Kanaafuu, yaa Oholibaa, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani warra si jaallatan, warra ati* jibbitee irraa garagalte sana nan kakaasa;+ kallattii hundumaa irraas si irratti isaan nan fida;+ 23 ilmaan Baabilonii+ fi Kaladoota+ hundumaa, namoota Pheeqod,+ namoota Shoʼaa fi namoota Qoʼaa ilmaan Asoor hundumaa wajjin si irratti nan fida. Hundi isaanii dargaggoota mimmiidhagoo, bulchitoota, bulchitoota gad aanoo, loltootaa fi namoota of eeggannoodhaan filataman* yeroo taʼan, hundi isaanii iyyuu farda gulufuu irratti dandeettii kan qabani dha. 24 Isaan gaariiwwan fardaa waraanaa geengoowwan qabanii fi gungumaniin, akkasumas yaaʼii loltootaa guddaa warra gaachana guddaa, gaachana xinnoo* fi baarmeexaa sibiilaa qabaniin si haleelu. Isaan sitti marsanii iddoo isaanii ni qabatu; anis murtii akka dabarsaniif isaaniif aangoo nan kenna; isaanis akka barbaadanitti sitti murteessu.+ 25 Ani dheekkamsa koo si irratti nan mulʼisa; isaanis aarii isaaniitiin si adabu. Isaan funyaan kee fi gurra kee si irraa ni kutu; si keessaa warri hafan goraadeedhaan ajjeefamu. Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa kee ni fudhatu; si keessaa warri hafan ibiddaan gubatu.+ 26 Isaan uffata kee si irraa baasu;+ faaya kee isa miidhagaas ni saamu.+ 27 Gochi kee inni qaanessaanii fi sagaagalummaan kee inni biyya Gibxii keessatti jalqabe+ akka dhaabbatu nan godha.+ Atis isaan ilaaluu ni dhiista; kana booda Gibxii hin yaadattu.’

28 “Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani harka warra ati jibbitu, warra ati* jibbitee irraa garagalte sanaatti dabarsee sin kenna.+ 29 Isaan jibbaan si adabu; wanta ati itti dhamaate hundumaa fudhataniis+ guutummaatti qullaatti si hambisu. Qullaan kee inni qaanessaan inni yeroo ati ejja raawwattetti mulʼate, gochi kee inni qaanessaanii fi sagaagalummaan kee ni saaxilama.+ 30 Ati akkuma dubartii sagaagaltuutti saboota duukaa waan buuteef,+ waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼaniinis waan of xureessiteef,+ wantoonni kun si irratti ni raawwatamu. 31 Ati daandii obboleettii tee duukaa buuteetta;+ anis xoofoo ishii harka kee irra nan kaaʼa.’+

32 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:

‘Ati xoofoo obboleettii tee isa gad fagoo fi balʼaa taʼe ni dhugda,+

Xoofoon sunis qoosaadhaan kan guutame dha; kanaafuu, namoonni sitti ni kolfu, sitti ni qoosus.+

33 Atis machii fi gaddaan,

Xoofoo sodaa fi xoofoo badiisaatiin ni guutamta,

Kunis, xoofoo obboleettii tee Samaariyaa ti.

34 Atis isa dhuguuf, isa xuruurfachuu+ fi qiraacii isaa alanfachuuf,

Achiis harma kee of irratti cicciruuf ni dirqamta.

“Sababiin isaas, ani kana dubbadheera” jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.’

35 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ati waan na irraanfatteef, guutummaattis waan na tuffatteef,*+ miidhaa gocha kee isa qaanessaa taʼee fi sagaagalummaa keetiin kan kaʼe dhufu ni baatta.’”

36 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, ati Oholaa fi Oholibaa+ irratti murtii ni dabarsitaa? Gochawwan isaanii warra balfamoo taʼan hoo fuulleetti isaanitti ni himtaa? 37 Isaan ejja* raawwataniiru;+ harka isaanii irras dhiigatu jira. Isaan waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼanii wajjin ejja raawwachuu qofa utuu hin taʼin, ilmaan isaanii warra anaaf daʼan sanas waaqolii tolfamoo isaaniitiif nyaata akka taʼaniif ibiddaan gubaniiru.+ 38 Kana malees, isaan wanta kana ana irratti raawwataniiru: Guyyaa sanatti iddoo koo isa qulqulluu xureessaniiru; sanbatawwan koos salphisaniiru. 39 Isaan waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼaniif ilmaan isaanii gorraʼanii aarsaa godhanii erga dhiheessanii+ booda, guyyuma sanatti iddoo qulqulluu koo xureessuuf achitti ni seenan.+ Wanti isaan manuma koo keessatti raawwatan kana dha. 40 Isaan dhiirota waamsisuuf gara bakka fagootti ergamaa tokko erganiiru.+ Yommuu isaan dhufanis ati ni dhiqatte, ija kee ni kuullatte, faayawwaniinis of miidhagsite.+ 41 Achiis siree baayʼee bareedu irra teesse;+ fuuldura isaas minjaalli tokko kaaʼamee ture;+ atis ixaana+ koo fi zayitii koo minjaalicha irra keesse.+ 42 Sagaleen tuuta dhiirota yaaddoo hin qabnees achii ni dhagaʼama ture; isaan gidduus warri machooftuun lafa onaa keessaa fidaman jiru turan. Isaanis harka dubartoota sanaatti bitaawoo harkaa ni kaaʼan; gonfoo bareedaas mataa isaanii irra ni kaaʼan.

43 “Achiis ishii ejjaan dadhabde sana ilaalchisee, ‘Ammas ishiin sagaagalummaa raawwachuu ishii ittuma fufti’ nan jedhe. 44 Akkuma namni tokko gara dubartii sagaagaltuu dhaqutti, isaanis gara ishii dhaquu isaanii itti fufan. Akka kanaan isaan gara Oholaa fi Oholibaa dubartoota gocha qaanessaa taʼe raawwatan sanaa ni dhaqan. 45 Haa taʼu malee, ejjaa fi dhiiga dhangalaasuu ishiitiin dhiironni qajeeloo taʼan murtii ishiidhaaf malu ishii irratti ni murteessu;+ sababiin isaas, isaan ejjitoota dha, harka isaanii irras dhiigatu jira.+

46 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Isaan wanta sodaachisu akka taʼanii fi qabeenyi isaanii akka saamamu gochuuf raayyaan waraanaa tokko isaan irratti ni ergama.+ 47 Raayyaan waraanaa sunis dhagaa isaanitti ni darbata,+ goraadeedhaanis isaan ni kukkuta. Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii ni ajjeesu,+ manneen isaaniis ibiddaan ni gubu.+ 48 Anis gochi qaanessaan biyyattii keessatti raawwatamu akka dhaabbatu nan godha; dubartoonni hundi kana irraa barumsa ni argatu; gocha keessan isa qaanessaa taʼes hin hordofan.+ 49 Isaan miidhaa gocha keessan isa qaanessaa taʼee fi cubbuu waaqolii tolfamoo warra balfamoo taʼan waaqeffachuudhaan raawwattaniin kan kaʼe dhufu isin irratti ni fidu; isinis ani Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.’”+

24 Waggaa saglaffaatti, jiʼa kurnaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa kurnaffaatti ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, guyyaa harʼaa,* eeyyee, guyyaa kana galmeessi. Mootiin Baabilon guyyaa kanatti Yerusaalemiin haleeluu jalqabeera.+ 3 Warra finciltoota taʼan sana ilaalchisee fakkeenya* dubbadhu, waaʼee isaanii akkana jedhi:

“‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:

“Disticha ibidda irra kaaʼi; ibidda irra kaaʼiitii bishaan itti naqi.+

 4 Luqqeettuu isaa fi ceekuu isaa dabalatee

Foon gaggaarii mummurame hundumaa achi keessa kaaʼi;+ lafeewwan filatamoo taʼanis distichatti guuti.

 5 Bushaayee keessaa hoolaa filatamaa taʼe fudhadhu;+ distii sana jalattis itti naannessiitii qoraan naqi.

Achi keessatti foonicha affeeli, lafee sanas bilcheessi.”’

6 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:

‘Magaalaa dhiiga dhangalaastu, ishii distii ligidaaʼe taatee fi ligidni ishii irraa hin balleeffamne sanaaf wayyoo!+

Foonicha tokko tokkoon baasiitii disticha duwwaa godhi;+ carraas isaaniif hin buusin.

 7 Sababiin isaas, dhiigni ishii ishii keessa jira;+ ishiin dhiiga sana qarsaa qullaa taʼe irratti dhangalaasteetti.

Dhiigni sun biyyoon akka itti hin uwwifamnetti, ishiin lafa irratti isa hin dhangalaasne.+

 8 Anis dheekkamsa koo kakaasee ishii irratti haaloo baʼuuf,

Dhiiga ishiin dhangalaaste qarsaa calaqqisuu fi qullaa taʼe irra kaaʼeera;

Kanas kanan godhe, dhiiga sanatti biyyoon akka hin uwwifamneefi.’+

9 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:

‘Magaalaa dhiiga dhangalaastu sanaaf wayyoo!+

Ani qoraanicha nan tuula.

10 Qoraanicha tuuli, ibiddas itti qabsiisi,

Foonicha akka gaariitti affeeli, maraqii isaa dhangalaasi, lafeewwan sunis haa gubatan.

11 Sibiilli diimaan sun akka gaariitti akka diimatuuf,

Distii duwwaa sana ibidda irra kaaʼiitii hoʼisi.

Xuraaʼummaan isaa keessa isaatti ni baqa,+ ligidni isaas ni gubata.

12 Ligidni cimaan sun waan irraa hin kaaneef,

Abdii nama kutachiisa, nama dadhabsas.+

Ligiduma isaa wajjin ibiddatti darbadhu!’

13 “‘Xuraaʼummaan kee, gocha kee isa qaanessaa taʼeen kan dhufe dha.+ Ani si qulqulleessuuf yaalii godheen ture; ati garuu xuraaʼummaa kee irraa hin qulqullooftu. Hamma aariin koo si irraa qabbanaaʼutti ati qulqulluu hin taatu.+ 14 Ani Yihowaan kana dubbadheera. Inni ni raawwatama. Utuun duubatti hin jedhin, utuun hin gaddinii fi utuun hin gaabbin tarkaanfii nan fudhadha.+ Isaan akka daandii keettii fi akka gocha keetti sitti ni murteessu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

15 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 16 “Yaa ilma namaa, ani rukuttaa tokkoon nama ati jaallattu si jalaa nan fudhadha.+ Ati gadduu,* booʼuus taʼe imimmaan dhangalaasuu hin qabdu. 17 Sagalee utuu hin dhageessisin aadi; sirna nama duʼeef godhamu hin raawwatin.+ Marata mataa hidhadhu,+ kophees godhadhu.+ Afaan kee* hin haguuggatin;+ nyaata warri kaan sii fidanis* hin nyaatin.”+

18 Ani ganama sabichatti nan dubbadhe; haati manaa tiyyas galgala ni duute. Anis borumtaa isaatti akkuman ajajame nan godhe. 19 Sabichis, “Wantoonni gochaa jirtu kun akkamitti akka nu ilaallatan nutti hin himtuu?” naan jedhan. 20 Anis akkana jedheen isaaniif deebise: “Dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 21 ‘Akkana jedhii mana Israaʼelitti dubbadhu: “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ani iddoo qulqulluu koo isa ittiin boontan, isa baayʼee jaallattanii fi hawwii garaa keessanii* taʼe sana nan xureessa.+ Ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa keessan warri dhiistanii deemtan sun goraadeedhaan ni kufu.+ 22 Sana booda isinis akkuma ani godhe gochuuf ni dirqamtu. Afaan keessan hin haguuggattan; nyaata warri kaan isiniif fidanis hin nyaattan.+ 23 Maranni mataa keessanii mataa keessan irraa hin hiikamu; kopheen keessanis miila keessan irraa hin baʼu. Isin hin gadditan yookiin hin boossan. Kanaa mannaa, isin balleessaa keessaniin kan kaʼe ni tortortu;+ walittis ni aaddu. 24 Hisqiʼel mallattoo isiniif taʼeera.+ Isinis akkuma inni godhe ni gootu. Kun yommuu raawwatamus isin ani Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.’”’”

25 “Ati garuu yaa ilma namaa, guyyaa ani isaan irraa dahoo isaanii ishii bareedduu madda gammachuu isaanii taate, ishii baayʼee jaallatanii fi hawwii garaa* isaanii taate, ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii wajjin fudhadhutti,+ 26 namni miliqe tokko oduu isaa sitti ni hima.+ 27 Atis guyyaa sanatti afaan kee banattee nama miliqe sanatti ni dubbatta; sana booda calluma hin jettu.+ Ati isaaniif mallattoo ni taata; isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.”

25 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Amoonotaatti+ naannessiitii isaan irratti raajii dubbadhu.+ 3 Amoonota ilaalchisee akkana jedhi: ‘Dubbii Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa dhagaʼaa. Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Ati yommuu iddoon qulqulluu koo xureeffametti, yommuu biyyi Israaʼel ona taatetti, akkasumas yommuu manni Yihudaa boojuudhaan fudhatametti, ‘Ishoo!’ waan jetteef, 4 namoota Bahaatiif dhaala godhee sin kenna. Isaan si keessatti buufatawwan* isaanii, si gidduuttis dunkaanota isaanii ni dhaabu. Firii kee ni nyaatu, aannan kees ni dhugu. 5 Ani Raabaa+ bakka gaalonni dheedan, biyya Amoonotaas bakka bushaayeen itti boqotu nan godha; isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.”’”

6 “Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ati harka kee waan walitti rukutteef,+ miila keetiin waan lafa dhidhiitteef, biyya Israaʼel irratti akka malee qoosuudhaanis waan* gammaddeef,+ 7 akka isaan si saamaniif sabootatti dabarsee si kennuuf si irratti harka koo nan diriirsa. Saboota keessaa sin kuta, biyyoota keessaas sin balleessa.+ Haxaaʼee sin balleessa; atis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatta.’

8 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Moʼaabii+ fi Seʼiir,+ “Kunoo, manni Yihudaa akkuma saboota kan biroo hundumaa ti” waan jedhaniif, 9 magaalota isaa warra hundumaa caalaa gaggaarii taʼan, jechuunis Beet Yeshiimoot, Baʼaal Meʼoonii fi Qiriyaataayim+ dabalatee magaalonni daangaa Moʼaab irratti argaman akka haleelaman nan godha. 10 Amoononni saboota gidduutti akka hin yaadatamneef,+ ani Moʼaabiin Amoonotaa wajjin saba Bahaatiif dhaala godhee nan kenna.+ 11 Moʼaab irratti murtii nan dabarsa;+ isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’

12 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Edoom mana Yihudaa irratti haaloo baʼeera; isaan irratti haaloo baʼuudhaanis yakka guddaa of irratti fideera;+ 13 kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Harka koo Edoom irratti diriirsee namas taʼe horii isa keessaa nan balleessa; isas ona nan godha.+ Isaan Temaan irraa jalqabee hamma Deedaanitti goraadeedhaan ni kufu.+ 14 ‘Harka saba koo Israaʼelitti fayyadamee Edoom irratti haaloo nan baʼa.+ Warri Edoom haaloo ani isaan irratti baʼu akka hubataniif, isaan aarii koo fi dheekkamsa koo Edoom irratti ni fidu’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”’

15 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Filisxeemonni diinummaa cimaadhaan kakaʼanii hamminaan* isaan irratti haaloo baʼuu fi isaan balleessuuf yaalii godhaniiru.+ 16 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, ani harka koo Filisxeemota irratti nan diriirsa;+ Kereetotas taʼe jiraattota qarqara galaanaa warra hafan nan balleessa.+ 17 Adaba cimaa taʼeen akka malee isaan irratti haaloo nan baʼa; yommuun isaan irratti haaloo baʼus ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.”’”

26 Waggaa 11ffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa jalqabaatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, Xiiros, ‘Ishoo, karri sabootaa cabeera!+ Amma carraan naaf banameera; ishiin waan diigamteef, amma ani sooressa nan taʼa’ jettee Yerusaalem irratti waan dubbatteef,+ 3 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Yaa Xiiros, kunoo ani si irratti kaʼeera; akkuma galaanni dambalii fidutti anis saboota hedduu si irratti nan fida. 4 Isaan Dallaawwan Xiiros ni balleessu, masaraawwan ishiis ni diigu;+ anis biyyoo ishii irraa haxaaʼee nan balleessa; qarsaa calaqqisuu fi qullaa taʼes ishii nan godha. 5 Ishiinis galaanicha gidduutti bakka saaphana qurxummii afanii itti gogsan ni taati.’+

“Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Sababiin isaas, ani kana dubbadheera; saboonnis ishii ni saamu. 6 Gandeen* ishii warri baadiyyaa keessatti argaman goraadeedhaan ni balleeffamu; namoonnis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’

7 “Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani Nebukadnezaar* mootii Baabiloniin kaaba irraa Xiiros irratti nan fida;+ inni mootii moototaa ti;+ fardeen,+ gaariiwwan fardaa+ waraanaa, abbootii fardeenii fi raayyaa waraanaa loltoota* hedduu qabates qaba. 8 Inni gandeen kee warra baadiyyaa keessatti argaman goraadeedhaan ni balleessa; dallaa sitti marsee ni ijaara; biyyoo sitti naannessee ni tuula; gaachana guddaas si irratti ni kaasa. 9 Inni dallaawwan kee meeshaa ittiin diiganiin ni rukuta; masaraawwan kees qottoo* isaatiin ni diiga. 10 Fardeen isaa hedduu taʼuu isaaniitiin kan kaʼe biyyoo sitti uwwisu; inni akkuma namoota magaalaa dallaan ishii diigametti yaaʼanitti karrawwan keetti yommuu seenu, sagaleen abbootii fardeenii, sagaleen geengoowwanii fi sagaleen gaariiwwan fardaa dallaawwan kee ni sochoosa. 11 Kotteen fardeen isaa daandiiwwan kee hundumaa ni dhidhiita;+ innis namoota kee goraadeedhaan ni ajjeesa; utubaawwan kee warri guguddaanis lafatti kufanii caccabu. 12 Isaan qabeenya kee fi shaqaxa kee ni saamu,+ dallaawwan kee ni diigu, manneen kee warra gaggaarii taʼanis ni jigsu; achiis dhagoota kee, miʼawwan kee warra muka irraa tolfamanii fi biyyoo kee bishaan keessatti ni darbatu.’

13 “‘Anis waca sirba keetii nan callisiisa; sagaleen baganaa kees kana booda hin dhagaʼamu.+ 14 Ani qarsaa calaqqisuu fi qullaa taʼe sin godha; atis bakka saaphana qurxummii afanii itti gogsan taata.+ Kana kan dubbate ana Yihowaa waanan taʼeef, ati matumaa deebitee hin ijaaramtu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

15 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan Xiirosiin akkana jedha: ‘Sagalee kufaatii keetti, jechuunis yommuu namoonni duʼa jala gaʼanii* aadanittii fi yommuu si gidduutti ajjeechaan raawwatamutti odolawwan hin raafamanii?+ 16 Bulchitoonni* galaanichaa hundi teessoowwan isaanii irraa ni buʼu, uffata* isaanii of irraa ni baasu, uffata isaanii isa xilfiin irratti dhaʼame ni tarsaasu, naasuudhaanis ni qabamu.* Isaan lafa irra taaʼanii utuu wal irraa hin kutin hollatu; ajaaʼibsiifannaadhaanis fajajanii si ilaalu.+ 17 Faaruu gaddaas siif ni faarfatu,+ akkana siin jedhu:

“Yaa ishii namoonni galaanota irraa dhufan si keessa jiraachaa turan, yaa magaalaa jajamtuu taate nana, ati akkamitti balleeffamte!+

Atis taate jiraattonni kee* galaanicha irratti jajjaboo turtan,+

Jiraattota lafaa hundumaa irrattis sodaa kan buustan turtan.

18 Guyyaa kufaatii keetti odolawwan ni hollatu,

Yommuu ati balleeffamtutti odolawwan galaanaa ni jeeqamu.”’+

19 “Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Akkuma magaalota namni keessa hin jiraanne sanaa yommuun si barbadeessutti, yommuun bishaanota jeeqamaniin akka liqimfamtu godhuttii fi yommuu bishaanonni ciccimoon si uwwisanitti,+ 20 ani sii fi warra sii wajjin gara boollaatti* gad buʼan fuudhee gara saboota bara dheeraa dura turan sanaatti nan geessa; namni si keessa akka hin jiraanneefis akkuma iddoowwan bara durii warra barbadeeffaman sanaatti warra gara boollaatti gad buʼanii wajjin iddoo hundumaa caalaa gad buʼaa taʼe keessa akka jiraattu nan godha.+ Achiis biyyi namoota jiraatoo ulfina* akka argatu nan godha.

21 “‘Akkuma tasaa naasuu sitti nan fida; atis sana booda hin jiraattu.+ Isaan si barbaadu, ati garuu matumaa lammata hin argamtu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

27 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Ati garuu yaa ilma namaa, Xiirosiif faaruu gaddaa faarfadhu;+ 3 Xiirosiinis akkana jedhi:

‘Yaa ishii karrawwan galaanichaa bira jiraattu,

Ishii saboota odolawwan hedduudhaaf daldaltuu taate nana,

Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:

“Yaa Xiiros ati, ‘Miidhaginni koo mudaa hin qabu’ jetteetta.+

 4 Naannoowwan kee galaanicha walakkaatti argamu,

Warri si ijaaranis miidhaginni kee mudaa kan hin qabne akka taʼu godhaniiru.

 5 Isaan saanqaawwan kee hundumaa muka birbirsaa Seenir+ irraa tolchaniiru,

Utubaa siif tolchuufis muka gaattiraa Libaanon fudhataniiru.

 6 Batoowwan kee muka qilxuu Baashaan irraa tolchaniiru,

Funyaan kee muka gosa gaattiraa irraa kan tolfamee fi ilka arbaa odolawwan Kiitim+ irraa dhufeen kan uwwifame dha.

 7 Uffanni quncee talbaa biyya Gibxii irraa dhufe inni halluu garaa garaa qabu sharaa kee taʼee tajaajileera,

Huccuun si irra diriifames foʼaa bifa cuquliisaa fi suufii bifa dhiilgee odolawwan Elishaa+ irraa dhufeen kan tolfame dha.

 8 Jiraattonni Siidoonii fi Arwaad+ warra galaanicha siif mooqan turan.

Yaa Xiiros, namoonni kee warri dandeettii qaban warra doonii irratti siif hojjetan turan.+

 9 Namoonni Geebaal+ warri muuxannoo* fi dandeettii qaban baqaqaa kee siif duuchu turan.+

Dooniiwwan galaanichaa fi hojjettoonni isaanii hundi shaqaxa bituu fi gurguruuf gara kee dhufaniiru.

10 Namoonni Faarsi, Luudii fi Puut+ loltoota kee taʼanii raayyaa waraanaa kee keessatti tajaajilu turan.

Isaan gaachanootaa fi baarmeexaa sibiilaa isaanii si irratti fannisaniiru, simboos siif argamsiisaniiru.

11 Namoonni Arwaad warri raayyaa waraanaa kee keessa jiran sitti marsanii dallaawwan kee irra dhaabbataniiru,

Gootonnis masaraawwan kee irra jiru turan.

Isaan dallaawwan keetti gaachanoota marsaniiru,

Miidhaginni kees mudaa kan hin qabne akka taʼu godhaniiru.

12 “‘“Ati qabeenya hedduu waan qabduuf Tarshiish+ sii wajjin daldaluu jalqabdeetti.+ Isaan meetii, sibiila, qorqorroo fi sibiila irsaasiitiin shaqaxa kee jijjiirrataniiru.+ 13 Yaawaan, Tuubaalii+ fi Meesheek+ sii wajjin bittaa fi gurgurtaa raawwataniiru; garbootaa fi meeshaawwan sibiila diimaatiin shaqaxa kee jijjiirrataniiru.+ 14 Manni Togaarmaa+ fardeen, fardeen waraanaa fi gaangoliidhaan shaqaxa kee jijjiirrataniiru. 15 Namoonni Deedaan+ sii wajjin bittaa fi gurgurtaa raawwataniiru; atis odolawwan hedduu irratti daldaltoota mindeessiteetta; isaanis ilka arbaa+ fi muka gurraacha gatii guddaa qabu akka gibiraatti siif kennaniiru. 16 Oomishni kee hedduu waan taʼeef Edoom sii wajjin ni daldalte. Isaan tarkooyisiin,* suufii bifa dhiilgeetiin, uffata xilfiin halluu garaa garaa irratti dhaʼameen, huccuu baʼeessaan, elellaa fi ruubiidhaan* shaqaxa kee jijjiirrataniiru.

17 “‘“Yihudaanii fi biyyi Israaʼel sii wajjin bittaa fi gurgurtaa raawwataniiru; qamadii magaalaa Miinit,+ nyaata filatamaa, damma,+ zayitii fi baalsaamiidhaan+ shaqaxa kee jijjiirrataniiru.+

18 “‘“Oomisha kee isa hedduu taʼee fi qabeenya kee hundumaatiin kan kaʼe Damaasqoon+ daadhii wayinii Helboonii fi suufii Zahaar* sitti gurguruudhaan sii wajjin daldalteetti. 19 Weedaanii fi Yaawaan warri Uuzaal keessatti argaman sibiilaan, qaasiyaa* fi marga urgaaʼuun shaqaxa kee jijjiirrataniiru. 20 Deedaan+ gilaasha* irra taaʼaniin shaqaxa kee jijjiirratteetti. 21 Ati Arabootaa fi geggeessitoota Qeedaar+ warra hoolota xobbaallaa, korbeeyyii hoolaa fi reʼoota+ gurguran sana hundumaa mindeeffatteetta. 22 Daldaltoonni Sheebaa fi Raaʼaamaa+ sii wajjin bittaa fi gurgurtaa raawwataniiru; akaakuu urgooftuu baʼeessa taʼe hundumaa, dhagoota gatii guddaa qabanii fi warqiidhaan shaqaxa kee jijjiirrataniiru.+ 23 Kaaraan,+ Kaaneen, Eedan,+ daldaltoonni Sheebaa,+ Ashuurii+ fi Kilmaad sii wajjin bittaa fi gurgurtaa raawwataniiru. 24 Isaan iddoowwan gabaa keetti uffatawwan babbareedoo, huccuuwwan foʼaa bifa cuquliisaa irraa tolfamanii fi xilfiin halluu garaa garaa irratti dhaʼame, akkasumas afatawwan halluu garaa garaa qaban gurgurataniiru; wantoonni kun hundis wadaroodhaan jabeeffamanii kan hidhaman turan.

25 Dooniiwwan Tarshiish+ shaqaxa siif ni fidu turan,

Kanaan kan kaʼes ati galaanicha walakkaatti guutamtee, feʼumsis sitti ulfaatee* ture.

26 Warri galaanicha mooqan gara galaanota gad fagootti si geessaniiru;

Bubbeen bahaas galaanicha walakkaatti si caccabseera.

27 Qabeenyi kee, miʼawwan kee, shaqaxni kee, imaltoonni galaanaa kee fi namoonni kee warri doonii irraa hojjetan,

Warri baqaqaa kee duuchan, warri shaqaxa kee daldalan,+ akkasumas namoonni waraanaa hundi,+

Guutummaan tuuta* si keessa jiru sanaa,

Guyyaa kufaatii keetti hundi isaanii iyyuu galaanicha walakkaatti ni liqimfamu.+

28 Namoonni kee warri doonii irraa hojjetan yommuu iyyan biyyoonni qarqara galaanaatti argaman ni hollatu.

29 Namoonni batootti fayyadaman, imaltoonni galaanaa fi warri doonii irraa hojjetan hundi

Dooniiwwan isaanii irraa buʼanii lafa irra dhaabbatu.

30 Isaan awwaara mataa isaanii irratti firfirasanii daaraa irra gangalachaa

Sagalee isaanii ol kaasanii hirqinfatanii siif booʼu.+

31 Isaan mataa isaanii ni haaddatu, uffata gaddaas ni uffatu;

Akka malee gadoodaa hirqinfatanii* siif booʼu.

32 Faaruu gaddaa isaanii keessatti akkana jedhanii waaʼee kee ni faarfatu:

‘Kan akka Xiiros ishii amma galaanicha walakkaatti calluma jette sanaa eenyu?+

33 Miʼawwan kee galaanicha irraa yommuu dhufanitti, ati namoota hedduu gammachiisteetta.+

Qabeenyi kee inni hedduunii fi shaqaxni kee mootonni lafaa akka badhaadhan godhaniiru.+

34 Amma ati galaana keessatti, bishaanota gad fagoo keessatti caccabdeetta,+

Shaqaxni kee hundii fi namoonni kee sii wajjin liqimfamaniiru.+

35 Jiraattonni odolawwanii hundi ajaaʼibsiifannaadhaan si ilaalu,+

Mootonni isaanii sodaadhaan hollatu,+ fuulli isaaniis ni jijjiirama.

36 Daldaltoonni saboota gidduutti argaman wanta si irra gaʼeen kan kaʼe ni siiqsu.

Dhumni kee akkuma tasaa ni taʼa, sodaachisaas ni taʼa,

Atis bara baraaf akkuma baddetti hafta.’”’”+

28 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, geggeessaa Xiirosiin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:

“Garaan kee waan of tuuleef,+ irra deddeebitee, ‘Ani waaqa dha.

Galaanicha walakkaa teessoo waaqaa irra nan taaʼa’+ jetteetta.

Garaa keetti waaqa akka taate yoo sitti dhagaʼame iyyuu,

Ati nama dha malee waaqa miti.

 3 Kunoo, ati Daaniʼel caalaa ogeessa dha.+

Iccitiin si jalaa dhokate hin jiru.

 4 Ogummaa fi hubannaa keetiin of sooromsiteetta,

Warqii fi meetiis manneen qabeenyaa kee keessatti kuufachuu kee itti fufteetta.+

 5 Daldala irratti dandeettii qabaachuun kee qabeenya guddaa siif argamsiiseera,+

Qabeenya keetiin kan kaʼes garaan kee of tuuleera.”’

6 “‘Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:

“Garaa keetti waaqa akka taate waan sitti dhagaʼameef,

 7 Ani namoota biyya ormaa warra saboota hundumaa caalaa gara jabeeyyii taʼan sitti nan fida,+

Isaanis miidhagina ogummaa keetii irratti goraadee isaanii ni luqqifatu,

Simboo kee isa ulfina qabeessa taʼes ni xureessu.+

 8 Isaan gara boollaatti* gad si buusu,

Galaana walakkaattis duʼa hamaa ni duuta.+

 9 Ati amma iyyuu isa si ajjeesu sanaan, ‘Ani waaqa dha’ ni jettaa?

Ati harka warra si xureessan sanaa keessatti waaqa utuu hin taʼin nama dha.”’

10 ‘Harka namoota biyya ormaa keessatti duʼa warra dhaqna hin qabannee ni duuta,

Sababiin isaas, ani kana dubbadheera’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

11 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 12 “Yaa ilma namaa, waaʼee mootii Xiiros faaruu gaddaa tokko faarfadhu, akkanas isaan jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:

“Ati mudaa kan hin qabne taʼuudhaan fakkeenya turte,

Ogummaadhaan kan guutamte turte,+ miidhaginni kees mudaa kan hin qabne ture.+

13 Ati Eedan ishii iddoo biqiltuu Waaqayyoo taate keessa turte.

Dhagoota gatii guddaa qaban* hundumaatiin,

Jechuunis ruubii, tophaaziyon, yaasphis, kirisoliixos, oniiksii, jeed, safiroos, tarkooyisii+ fi imeraaldiidhaan of miidhagsitee turte;

Baattuun dhagoota kanaa fi iddoon isaan irratti maxxanfamanis warqii irraa kan tolfame ture.

Isaan kan qopheeffaman guyyaa ati uumamtetti ture.

14 Ani kiruubel isa golguuf dibame sana godhee si muudeera.

Ati gaara Waaqayyoo isa qulqulluu irra turte,+ dhagoota bobaʼan gidduus asii fi achi deddeebiteetta.

15 Hamma jalʼinni si keessatti argametti,

Guyyaa uumamte irraa jalqabee daandiiwwan keetiin mudaa hin qabdu turte.+

16 Daldalli kee baayʼachuu isaatiin kan kaʼe,+

Jeequmsaan ni guutamte, cubbuu hojjechuus ni jalqabde.+

Yaa kiruubel isa golgitu nana, ani dhagoota bobaʼan sana irraa fageessee,

Akka waan xuraaʼaatti gaara Waaqayyoo irraa sin darbadha, sin balleessas.+

17 Miidhagina keetiin kan kaʼe garaan kee of tuuleera.+

Simboo kee isa ulfina qabeessa taʼeen kan kaʼes ogummaa kee mancaasteetta.+

Ani gara lafaatti gad sin darbadha.+

Mootonni lafaas ajaaʼibsiifannaadhaan akka si ilaalan nan godha.

18 Yakka kee isa guddaa fi daldala kee isa gowwoomsaadhaan guutameen kan kaʼe iddoowwan qulqulluu kee xureessiteetta.

Ani ibiddi si gidduutti akka kaʼu nan godha, innis si nyaata.+

Warra si ilaalan hundumaa duratti lafa irratti daaraa sin godha.

19 Saboota gidduudhaa warri si beekan hundi ajaaʼibsiifannaadhaan si ilaalu.+

Dhumni kee akkuma tasaa ni taʼa, sodaachisaas ni taʼa;

Atis bara baraaf akkuma baddetti hafta.”’”+

20 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 21 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Siidoonitti+ naannessiitii ishii irratti raajii dubbadhu. 22 Akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:

“Yaa Siidoon, kunoo ani si irratti kaʼeera, si gidduuttis ulfina nan argadha;

Yommuun murtii koo ishii irratti dabarsuttii fi ishii keessatti qulqulluu taʼutti namoonni ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.

23 Ani golfaa ishiitti nan erga, daandiiwwan ishii irrattis dhiigni ni dhangalaʼa.

Kallattii hundumaatiin yommuu goraadeen ishiitti dhufutti namoonni ajjeefaman ishii gidduutti ni kukkufu;

Isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.+

24 “‘“Sana booda manni Israaʼel sokorruu hamaa fi qoree dhukkubbii cimaa geessisuun,+ jechuunis warra isaan tuffataniin hin marfaman; namoonnis ani Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.”’

25 “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yommuun mana Israaʼel saboota isaan gidduu isaaniitti bittinnaaʼan keessaa walitti qabutti,+ saboota duratti isaan gidduutti qulqulluu nan taʼa.+ Isaanis biyya isaanii isa ani tajaajilaa koo Yaaqoobiif kenne+ irra ni jiraatu.+ 26 Achi irras tasgabbiidhaan ni jiraatu;+ manneen ni ijaarratu, muka wayiniis ni dhaabbatu;+ yommuu ani warra isaanitti marsanii jiranii fi isaan tuffatan hundumaa irratti murtii dabarsutti+ isaan tasgabbiidhaan ni jiraatu; ani Waaqa isaanii Yihowaa taʼuu koos dhugumaan ni hubatu.”’”

29 Waggaa kurnaffaatti, jiʼa kurnaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 12ffaatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Faraʼoon mootii Gibixiitti naannessiitii isa irrattii fi guutummaa Gibxii irratti raajii dubbadhu.+ 3 Dubbii kana dubbadhu: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:

“Yaa Faraʼoon mootii Gibxii,

Yaa uumama galaanaa guddaa taatee fi lageen laga Abbayyaa* gidduu ciistu,+

Isa, ‘Lagni Abbayyaa kan koo ti.

Anatu ofiif tolfate’ jettu nana,+ kunoo ani si irratti kaʼeera.+

 4 Haa taʼu malee, ani mangaagaa keetti hookkoo nan galcha, qurxummiin Abbayyaa kee keessa jirus qola keetti akka maxxanu nan godha.

Qurxummii Abbayyaa isa qola keetti maxxanee jiru hundumaa wajjin Abbayyaa kee keessaa sin baasa.

 5 Sis taʼe qurxummii Abbayyaa keetii hundumaa lafa onaa keessatti nan gata.

Dirree keessatti ni kufta, hin kaafamtu, walittis hin qabamtu.+

Bineensota bosonaa lafa irra jiranii fi simbirroota samiitiif nyaata godhee sin kenna.+

 6 Achiis jiraattonni Gibxii hundi ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu,

Sababiin isaas, isaan kana booda hammuma shomboqqoo illee mana Israaʼel utubuu hin dandaʼan.+

 7 Yommuu isaan harka kee qaban ati ni caccabde,

Gateettii isaaniis ni waraante.

Yommuu isaan sitti hirkatan ati ni cabde,

Miilli* isaanii akka hollatus ni goote.”+

8 “‘Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, ani goraadee sitti nan fida;+ namas taʼe horii si keessaa nan balleessa. 9 Biyyi Gibxii onaa fi bakka namni keessa hin jiraanne taati;+ isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu; sababiin isaas ati, ‘Lagni Abbayyaa kan koo ti; anatu isa tolche’ jetteetta.*+ 10 Kanaafuu, ani si irrattis taʼe Abbayyaa kee irratti kaʼeera; Migdool+ irraa jalqabee hamma Seweeneetti,+ hamma daangaa Itoophiyaatti biyyi Gibxii kan barbadeeffamte, kan gogdee fi kan onte akka taatu nan godha.+ 11 Namnis taʼe horiin lukaan ishii keessa hin darbu;+ ishiinis waggaa 40f kan namni keessa hin jiraanne ni taati. 12 Ani biyyi Gibxii biyyoota hundumaa caalaa ona akka taatu nan godha; magaalonni ishiis magaalota kaan caalaa waggaa 40f ona ni taʼu;+ warra Gibxiis saboota gidduutti nan bittinneessa, biyyoota keessattis nan faffacaasa.”+

13 “‘Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Waggaa 40 booda, warra Gibxii saboota isaan itti bittinnaaʼan keessaa deebisee walitti nan qaba;+ 14 ani namoota Gibxii warra boojiʼaman gara biyya Phaatrositti,+ gara biyya dhalootaa isaaniitti nan deebisa; isaanis achitti mootummaa humna hin qabne ni taʼu. 15 Gibxiin mootummoota kan biroo caalaa xinnoo ni taati; kana booda saboota kaan irratti ol aantummaa hin qabaattu;+ anis akka isaan saboota kan biroo of jala galfachuu hin dandeenyetti baayʼee xinnoo akka taʼan nan godha.+ 16 Ishiin matumaa deebitee mana Israaʼeliif madda amanannaa hin taatu;+ kanaa mannaa, dogoggora isaan gargaarsa argachuuf gara warra Gibxiitti garagaluudhaan raawwatan kan isaan yaadachiistu qofa taati. Isaanis ani Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.”’”

17 Ammas waggaa 27ffaatti, jiʼa tokkoffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa jalqabaatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 18 “Yaa ilma namaa, Nebukadnezaar*+ mootiin Baabilon raayyaan waraanaa isaa Xiiros irratti hojii humnaa cimaa taʼe akka hojjetu godheera.+ Mataan hundi molateera, gateettiin hundis quncaʼeera. Haa taʼu malee, innis taʼe raayyaan waraanaa isaa humna Xiiros irratti dhangalaasaniif gatii tokko illee hin arganne.

19 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani biyya Gibxii Nebukadnezaar* mootii Baabiloniif nan kenna;+ innis qabeenya ishii ni fudhata, boojuu hedduus ishii keessaa ni fudhata, ni saamas; kunis gatii raayyaa waraanaa isaa ni taʼa.’

20 “‘Isaan anaaf jedhanii tarkaanfii waan fudhataniif, humna inni ishii* irratti dhangalaaseef ani biyya Gibxii akka beenyaatti isaaf nan kenna’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

21 “Guyyaa sanatti gaanfi tokko mana Israaʼeliif akka biqilu nan godha;*+ atis isaan gidduutti akka dubbattuuf carraa siif nan kenna; isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.”

30 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, akkana jedhiitii raajii dubbadhu: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:

“‘Wayyoo, guyyichi gaʼeera!’ jedhaatii iyyaa.

 3 Sababiin isaas, guyyichi dhihaateera, eeyyee, guyyaan Yihowaa dhihaateera.+

Guyyaan sun guyyaa duumessootaa,+ yeroo saboota irratti murtiin itti dabarfamu ni taʼa.+

 4 Goraadeen tokko Gibxii irratti ni dhufa, yommuu reeffi isaanii Gibxii keessatti kukkufutti Itoophiyaan sodaadhaan qabamti;

Qabeenyi ishii ni fudhatama, buʼuurri ishiis ni diigama.+

 5 Itoophiyaan,+ Puut,+ Luudii fi uummanni walitti makame* hundi,

Akkasumas Kuub ilmaan biyya kakuu* sanaa wajjin,

Hundi isaanii iyyuu goraadeedhaan ni kufu.”’

 6 Yihowaan akkana jedha:

‘Deggertoonni Gibxiis ni kufu,

Aangoon ishii inni of tuulummaadhaan guutame gad ni qabama.’+

“Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Isaan Migdool+ irraa hamma Seweeneetti+ biyyattii keessatti goraadeedhaan ni kufu. 7 Isaan biyyoota hundumaa caalaa ona ni taʼu; magaalonni ishiis magaalota hundumaa caalaa kan barbadaaʼan ni taʼu.+ 8 Yommuu ani Gibxii keessatti ibidda qabsiisuu fi warri ishiin itti hidhatte hundi caccabanitti, isaan ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu. 9 Guyyaa sanatti Itoophiyaan ishiin ofitti amanamtu akka romʼitu gochuuf dooniidhaan ergamtoota nan erga; guyyaa isa Gibxii irratti dhufu sanatti sodaan isaan qabata; sababiin isaas, inni dhugumaan ni dhufa.’

10 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Harka Nebukadnezaar* mootii Baabiloniin raayyaa Gibxii nan balleessa.+ 11 Innii fi loltoonni isaa warri saboota hundumaa caalaa gara jabeeyyii+ taʼan biyyattii balleessuuf ni dhufu. Isaan Gibxii irratti goraadee isaanii luqqifatanii biyyattii reeffaan ni guutu.+ 12 Ani boʼoowwan Abbayyaa gara lafa gogaatti nan jijjiira;+ biyyattiis namoota hamootti dabarsee nan gurgura. Biyyattiis taʼe wanta ishii keessatti argamu hundumaa harka namoota biyya ormaatiin ona nan godha.+ Ani Yihowaan kana dubbadheera.’

13 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Waaqolii tolfamoo warra balfamoo* taʼanii fi waaqolii Noof*+ warra gatii hin qabne nan balleessa. Kana booda bulchaan biyya Gibxii keessaa kaʼu hin jiraatu; biyya Gibxii keessa sodaan akka jiraatu nan godha.+ 14 Phaatros+ ona akka taatu nan godha; Zoʼaan keessatti ibidda nan qabsiisa; Noo*+ irrattis murtii nan dabarsa. 15 Siin ishii dahoo Gibxii taate irratti aarii koo nan dhangalaasa; uummata Noos nan balleessa. 16 Ani Gibxii keessatti ibidda nan qabsiisa; Siin sodaadhaan ni qabamti; Noon ni diigamti; Noofis* guyyaa saafaatti ni haleelamti! 17 Dargaggoonni Oonii* fi Phibeseet goraadeedhaan kufu; magaalonni isaaniis boojuudhaan fudhatamu. 18 Yommuun achitti waanjoo Gibxii cabsutti Xaafnes keessatti guyyaan ni dukkanaaʼa.+ Aangoon ishii inni of tuulummaadhaan guutame ni bada;+ duumessoonni ishii ni haguugu; magaalonni ishiis boojuudhaan fudhatamu.+ 19 Ani Gibxii irratti murtii nan dabarsa; isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’”

20 Waggaa 11ffaatti, jiʼa tokkoffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa torbaffaatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 21 “Yaa ilma namaa, ani irree Faraʼoon mootii Gibxii cabseera; inni akka fayyuuf huccuudhaan hin hidhamu yookiin goraadee kaasuu akka dandaʼutti akka jabaatuuf huccuudhaan hin maramu.”

22 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani Faraʼoon mootii Gibxii irratti kaʼeera;+ irree isaa isa jabaas taʼe irree isaa isa cabe nan cabsa;+ goraadeenis harka isaa irraa akka kufu nan godha.+ 23 Achiis warra Gibxii saboota gidduutti nan bittinneessa, biyyoota gidduuttis nan faffacaasa.+ 24 Irree mootii Baabilon jabeessee*+ goraadee koo harka isaa keessa nan kaaʼa;+ irree Faraʼoon nan cabsa; innis akka nama duʼuu jala gaʼeetti sagalee isaa ol kaasee isa* duratti ni aada. 25 Irree mootii Baabilon nan jabeessa; irreen Faraʼoon garuu ni lamshaaʼa; yommuun goraadee koo harka mootii Baabilon keessa kaaʼuu fi innis biyya Gibxii rukutuuf itti fayyadamutti,+ isaan ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu. 26 Warra Gibxii saboota gidduutti nan bittinneessa, biyyoota gidduuttis nan faffacaasa;+ isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’”

31 Waggaa 11ffaatti, jiʼa sadaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa jalqabaatti ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, Faraʼoon mootii Gibxii fi namoota hedduu isaa wajjin jiraniin akkana jedhi:+

‘Akka kee guddaa kan taʼe eenyu?

 3 Namni biyya Asoor tokko akka muka gaattiraa Libaanon ture;

Inni akkuma mukeetii gobbatanii biqilanii fi gaaddisa taʼaniitti dameewwan mimmiidhagoo kan qabu yeroo taʼu, baayʼee dheeraa ture;

Fiixeen isaa duumessoota gidduu jira ture.

 4 Bishaanonni akka inni guddatu ni godhan, bishaanonni gad fagoonis akka inni dheeratu godhan.

Yaaʼaawwan bishaanii bakka inni dhaabametti marsanii jiru turan;

Boʼoowwan isaaniis mukeetii dirree hundumaa bishaan ni obaasan.

 5 Inni mukeetii dirree kan biroo hundumaa caalaa kan dheerate kanaafi.

Dameewwan isaa ni babalʼatan;

Yaaʼaawwan bishaanii isaa bishaan baayʼee waan qabaniif, dameewwan isaa ni dheeratan.

 6 Simbirroonni samii hundi dameewwan isaa jalatti manʼee ijaarratan,

Bineensonni bosonaa hundi dameewwan isaa jalatti ni dhalan,

Saboonni uummata hedduu qaban hundis gaaddisa isaa jala jiraatu turan.

 7 Hiddawwan isaa bishaanota hedduutti waan gad lixaniif,

Inni miidhagina isaa fi dheerina dameewwan isaatiin ulfina qabeessa ni taʼe.

 8 Mukeetiin gaattiraa iddoo biqiltuu Waaqayyoo+ keessa jiran kaan isaa wajjin wal gituu hin dandaʼan.

Mukeetii birbirsaa keessaa dameewwan kan akka damee isaa taʼan qabu tokko illee hin jiru,

Mukeetii armoon* keessaa dameewwan isaa wajjin wal gituu kan dandaʼu hin jiru.

Mukti iddoo biqiltuu Waaqayyoo keessatti argamu kan biraan kam iyyuu miidhagina isaatiin isaa wajjin wal gituu hin dandaʼu.

 9 Ani miidhagaa fi baala hedduu kan qabu akka taʼu isa nan godhe,

Mukeetiin Eedan, jechuunis mukeetiin iddoo biqiltuu Waaqa dhugaa keessatti argaman kaan hundis isatti hinaafan.’

10 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Inni* fiixee isaa duumessoota gidduutti ol kaasuudhaan akka malee dheeraa waan taʼeef, dheerina isaa irraa kan kaʼes garaan isaa waan of tuuleef, 11 ani bulchaa sabootaa isa jabaa taʼe sanatti dabarsee isa nan kenna.+ Innis dhugumaan isa irratti tarkaanfii ni fudhata; anis hammina isaatiin kan kaʼe isa nan jibba. 12 Namoonni biyya ormaa warri saboota gidduudhaa hundumaa caalaa gara jabeeyyii taʼan isa ni kutu; gaarota irrattis isa ni gatu; baalli isaa sululawwan hundumaa keessatti ni harcaʼa; dameewwan isaas caccabanii yaaʼaawwan bishaanii biyyattii hundumaa keessa ni ciciisu.+ Namoonni lafa irraa hundis gaaddisa isaa jalaa ni baqatu, isa dhiisaniis ni deemu. 13 Simbirroonni samii hundi jirma isaa isa jige irra, bineensonni bosonaa hundis dameewwan isaa irra ni jiraatu.+ 14 Kunis kan taʼu, mukti bishaanota biratti argamu kam iyyuu baayʼee akka hin dheeranne yookiin fiixee isaa duumessoota gidduutti akka ol hin kaasnettii fi mukti akka gaariitti bishaan argatu kam iyyuu hamma isaanii akka hin dheeranneefi. Sababiin isaas, hundi isaanii iyyuu ilmaan namootaa warra gara boollaatti* gad buʼanii wajjin duʼatti, jechuunis biyya isa lafa jalaatti dabarfamanii kennamu.’

15 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Guyyaa inni gara Awwaalaatti* gad buʼutti gaddi akka jiraatu nan godha. Kanaafuu, bishaanonni hedduun akka ittifamaniif, bishaanota gad fagoo sana haguugee yaaʼaawwan isaa akka dhaabbatan nan godha. Sababii isaatiin Libaanoniin nan dukkaneessa; mukeetiin dirree hundis ni coolligu. 16 Warra gara boollaatti* gad buʼan hundumaa wajjin yommuun gara Awwaalaatti* gad isa buusu saboonni hundi sagalee kufaatii isaatiin akka romʼan nan godha; mukeetiin Eedan+ warri Libaanon keessaa filatamoo taʼanii fi hunda irra wayyan, warri akka gaariitti bishaan argatan hundi biyya lafa jalaa keessatti jajjabina ni argatu. 17 Isaan isaa fi deggertoota* isaa warra gaaddisa isaa jala saboota gidduu jiraatanii wajjin gara Awwaalaatti,* gara warra goraadeedhaan ajjeefamaniitti gad buʼaniiru.’+

18 “‘Mukeetii Eedan keessaa ulfinaa fi guddinaan kan si fakkaatu isa kami?+ Haa taʼu malee, ati dhugumaan mukeetii Eedanii wajjin gara biyya isa lafa jalaatti gad buufamta. Ati warra goraadeedhaan ajjeefamanii wajjin warra dhaqna hin qabanne gidduu ciista. Kun Faraʼoonii fi namoota isaa wajjin jiran hundumaa irra ni gaʼa’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

32 Achiis waggaa 12ffaatti, jiʼa 12ffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa tokkoffaatti ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, Faraʼoon mootii Gibxii ilaalchisee faaruu gaddaa faarfadhu, akkana isaan jedhi:

‘Ati saboota gidduutti akka leenca saafela cimaa taʼee turte,

Taʼus callisiifamteetta.

Ati akka uumama galaanaa guddaa taʼetti+ lageen kee borcaa,

Miila keetiinis bishaan booressaa, akkasumas lageen* xureessaa turte.’

 3 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:

‘Ani yaaʼii saboota hedduutti fayyadamee saaphana koo si irratti nan diriirsa,

Isaanis saaphana kootiin harkisanii si baasu.

 4 Ani lafa irratti sin gata;

Dirree irrattis sin darbadha.

Simbirroonni samii hundi akka si irra qubatan nan godha,

Bineensota bosonaa guutummaa lafaas foon keetiin nan quubsa.+

 5 Foon kee gaarota irratti nan gata,

Sululawwanis reeffa keetiin nan guuta.+

 6 Dhiiga kee isa akka malee dhangalaʼuun gaaronni akka jiidhan nan godha,

Dhiigni kee lageen keessas ni guuta.’*

 7 ‘Yommuu ati balleeffamtu, ani samiiwwan haguugee urjiilee isaanii nan dukkaneessa.

Aduu duumessaan nan haguuga,

Addeessis ifa ishii hin kennitu.+

 8 Sababii keetiin maddawwan ifaa samiiwwan keessa jiran hundumaa nan dukkaneessa,

Biyya kees dukkanaan nan haguuga’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

 9 ‘Yommuun warra si keessaa boojiʼaman gara saboota kan birootti,

Gara biyyoota ati hin beeknetti geessutti+ garaan namoota hedduu akka dhiphatu nan godha.

10 Namoonni hedduun akka sodaatan nan godha,

Mootonni isaaniis yommuu ani isaan duratti goraadee koo mirmirsutti sababii keetiin sodaadhaan ni hollatu.

Guyyaa kufaatii keetti

Tokkoon tokkoon isaanii lubbuu isaaniitiif sodaatanii yeroo hundumaa ni romʼu.’

11 Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:

‘Goraadeen mootii Baabilon si irratti ni dhufa.+

12 Namoonni hedduun sii wajjin jiran goraadee loltoota ciccimootiin akka kufan nan godha,

Hundi isaanii iyyuu saboota hundumaa caalaa gara jabeeyyii dha.+

Isaan of tuulummaa Gibxii gad ni buusu, namoonni hedduun ishii keessa jiran hundis haxaaʼamanii ni balleeffamu.+

13 Horii ishii hundumaa bishaanota ishii warra hedduu taʼan biratti nan balleessa,+

Miilli namaas taʼe kotteen horii lammata isaan hin booressu.’+

14 ‘Yeroo sanatti ani bishaan isaanii nan qulqulleessa,

Lageen isaaniis akka zayitiitti akka yaaʼan nan godha’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

15 ‘Yommuun biyya Gibxii kan gogde, onaa fi biyya wanta ishii keessa guute hundumaa dhabde godhutti,+

Yommuun namoota ishii keessa jiraatan hundumaa rukututti,

Isaan ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.+

16 Kun faaruu gaddaa ti, namoonni dhugumaan isa ni faarfatu;

Ijoolleen durbaa sabootaas isa ni faarfatu.

Isaan Gibxii fi namoota hedduu ishii keessa jiraniif isa ni faarfatu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

17 Achiis waggaa 12ffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 15ffaatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 18 “Yaa ilma namaa, namoota hedduu Gibxii keessa jiraataniif booʼi; ishiis taʼe ijoollee durbaa saboota ciccimoo sana warra gara boollaatti* gad buʼaa jiranii wajjin gara iddoo lafa jalaatti gad buusi.

19 “‘Ati bareedinaan eenyuun caalta? Gad buʼiitii warra dhaqna hin qabanne bira ciisi!’

20 “‘Isaan warra goraadeedhaan ajjeefaman gidduutti ni kufu.+ Ishiin goraadeetti dabarfamtee kennamteetti; namoota hedduu ishii keessa jiraatan hundumaa wajjin harkisaatii ishii gataa.

21 “‘Loltoonni ishii warri hundumaa caalaa ciccimoo taʼan Awwaala* gad fagoo keessaa isattii fi warra isa gargaaranitti ni dubbatu. Isaan dhugumaan gad ni buʼu; goraadeedhaan ajjeefamaniis akkuma warra dhaqna hin qabanneetti ni ciciisu. 22 Asoor yaaʼii ishii hundumaa wajjin achi jirti. Awwaalli isaanii isatti marsee jira; hundi isaanii iyyuu goraadeedhaan kufaniiru.+ 23 Awwaalli ishii boolla* gad fagoo keessa jira; guutummaan yaaʼii ishii awwaala ishiitti marsanii jiru; isaan biyya warra jiraatoo keessatti sodaan akka jiraatu waan godhaniif hundi isaanii iyyuu goraadeedhaan ajjeefamaniiru.

24 “‘Eelaam+ namoota hedduu ishii keessa jiraatanii fi goraadeedhaan kufan hundumaa wajjin awwaala ishii bira jirti. Warri biyya warra jiraatoo keessatti jeequmsa uuman utuu dhaqna hin qabatin gara iddoo lafa jalaatti gad buʼaniiru. Warra gara boollaatti* gad buʼanii wajjinis salphina isaanii ni baatu. 25 Isaan namoota ajjeefaman gidduutti siree tokko ishiidhaaf qopheessaniiru; namoonni ishii warri hedduu taʼan hundis awwaala ishiitti marsanii jiru. Hundi isaanii iyyuu dhaqna kan hin qabanne dha; isaan biyya warra jiraatoo keessatti jeequmsa waan uumaniif goraadeedhaan dhumaniiru; warra gara boollaatti* gad buʼanii wajjinis salphina isaanii ni baatu. Inni warra ajjeefaman gidduu kaaʼameera.

26 “‘Meesheek, Tuubaalii+ fi namoonni hedduun isaanii* wajjin jiran hundi achi jiru. Awwaalli isaanii* isatti marsee jira. Hundi isaanii iyyuu dhaqna kan hin qabanne dha; isaan biyya warra jiraatoo keessatti sodaan akka jiraatu waan godhaniif goraadeedhaan waraanamaniiru. 27 Isaan loltoota jajjaboo dhaqna hin qabannee fi kukkufan warra meeshaa waraanaa isaanii wajjin gara Awwaalaatti* gad buʼanii wajjin ni ciciisu mitii? Loltoonni jajjaboon kun biyya warra jiraatoo keessa sodaan akka jiraatu waan godhaniif, isaan goraadee isaanii mataa* isaanii jala, cubbuu isaaniis lafee isaanii irra ni kaaʼu. 28 Ati garuu namoota dhaqna hin qabanne gidduutti ni caccabda; warra goraadeedhaan ajjeefaman biras ni ciista.

29 “‘Edoomis+ taate mootonnii fi geggeessitoonni ishii warri utuma ciccimoo taʼanii jiranii warra goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ciciisan sun achi jiru; isaanis warra dhaqna hin qabannee+ fi warra gara boollaatti* gad buʼan bira ni ciciisu.

30 “‘Bulchitoonni* kaabaa hundi Siidoonota+ hundumaa wajjin achi jiru; isaan jabina isaaniitiin sodaan akka uumamu kan godhan taʼus warra ajjeefamanii wajjin salphinaan gad buʼaniiru. Isaan utuma dhaqna hin qabatin warra goraadeedhaan ajjeefaman bira ni ciciisu; warra gara boollaatti* gad buʼanii wajjinis salphina isaanii ni baatu.

31 “‘Fara’oon wantoota kana hundumaa ni arga; wanta namoota hedduu isaa wajjin jiran irra gaʼe hundumaa irraas jajjabina ni argata;+ Fara’oonii fi guutummaan raayyaa waraanaa isaa goraadeedhaan ni ajjeefamu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

32 “‘Faraʼoon biyya warra jiraatoo keessa sodaan akka jiraatu waan godheef, innii fi namoonni hedduun isaa wajjin jiran hundi warra dhaqna hin qabannee fi goraadeedhaan ajjeefaman gidduu boqochuuf ni ciciisu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

33 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, ilmaan saba keetti dubbadhu,+ akkana isaaniin jedhi:

“‘Ani biyya tokko irratti goraadee nan fida taʼa;+ namoonni biyya sanaa hundis nama tokko fuudhanii waardiyyaa isaanii akka taʼu ni godhu; 3 innis goraadeen biyyattii irratti dhufaa akka jiru argee xurumbaa* afuufuudhaan namoota akeekkachiisa.+ 4 Namni tokko sagalee xurumbaa dhagaʼee akeekkachiisa sana hojii irra oolchuu diduu isaatiin+ kan kaʼe goraadeen dhufee lubbuu isaa yoo balleesse,* dhiigni isaa mataa isaa irra ni taʼa.+ 5 Inni sagalee xurumbaa kan dhagaʼe taʼus, akeekkachiisa sana hojii irra hin oolchine. Dhiigni isaa mataa isaa irra ni taʼa. Akeekkachiisa sana hojii irra oolcheera utuu taʼee lubbuun isaa ni oola ture.

6 “‘Haa taʼu malee, waardiyyaan sun goraadeen dhufaa akka jiru argee xurumbaa utuu hin afuufin hafuu isaatiin+ kan kaʼe namoonni akeekkachiisa yoo argachuu baatanii fi goraadeen dhufee isaan keessaa lubbuu nama tokkoo yoo balleesse, namni sun balleessaa ofii isaatiin ni duʼa; dhiiga isaa garuu waardiyyaa sana irraa nan barbaada.’*+

7 “Ati garuu yaa ilma namaa, ani mana Israaʼel irratti waardiyyaa godhee si muudeera; dubbii afaan koo keessaa baʼu yommuu dhageessu isaaniin naaf akeekkachiisi.+ 8 Yommuu ani nama hamaa tokkoon, ‘Yaa nama hamaa nana, ati dhugumaan ni duuta!’+ jedhutti, ati immoo namni hamaan sun daandii isaa akka jijjiiru isa akeekkachiisuuf dubbachuu yoo dhiiste, inni nama hamaa waan taʼeef balleessaa isaatiin ni duʼa;+ dhiiga isaa garuu si irraa nan barbaada. 9 Haa taʼu malee, ati namni hamaan tokko daandii isaa irraa akka deebiʼu yoo akeekkachiiste, inni garuu daandii isaa jijjiiruu yoo dide, inni balleessaa isaatiin ni duʼa;+ ati garuu dhugumaan lubbuu kee ni oolfatta.+

10 “Atis yaa ilma namaa, mana Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Isin, “Fincilli keenyaa fi cubbuun keenya akka malee nutti ulfaatee akka dhumnu nu gochaa jira;+ maarree akkamitti jiraachuu dandeenya?” jettaniittu.’+ 11 Akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ani duʼa nama hamaatti hin gammadu;+ kanaa mannaa, namni hamaan daandii isaa jijjiiree+ lubbuudhaan akka jiraatun barbaada.+ Yaa mana Israaʼel, deebiʼaa, daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa;+ maaliif duutu?”’+

12 “Atis yaa ilma namaa, ilmaan saba keetiitiin akkana jedhi: ‘Namni qajeelaan yommuu fincilutti qajeelummaan isaa isa hin oolchu;+ namni hamaanis hammina isaa irraa yommuu deebiʼutti hamminni isaa isa hin gufachiisu;+ namni qajeelaan kam iyyuu guyyaa cubbuu hojjetetti qajeelummaa isaatiin kan kaʼe lubbuudhaan jiraachuu isaa itti fufuu hin dandaʼu.+ 13 Ani nama qajeelaadhaan, “Ati dhugumaan lubbuudhaan ni jiraatta” yommuun jedhutti, inni qajeelummaa isaatti amanamee balleessaa* yoo raawwate,+ gochi qajeelummaa isaa tokko illee isaaf hin yaadatamu; kanaa mannaa, inni balleessaa raawwachuu isaatiin ni duʼa.+

14 “‘Ani nama hamaadhaan, “Ati dhugumaan ni duuta” yommuun jedhutti, inni cubbuu isaa irraa deebiʼee wanta haqaa fi qajeelaa taʼe yoo raawwate,+ 15 kana malees, namni hamaan sun wanta qabsiisaan fudhatame yoo deebise,+ wanta saamichaan fudhatame deebisee yoo kaffale,+ balleessaa raawwachuu dhiisuudhaanis akka dambiiwwan jireenyaatti yoo deddeebiʼe, inni dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata.+ Inni hin duʼu. 16 Cubbuun inni raawwate kam iyyuu isatti hin lakkaaʼamu.*+ Wanta haqaa fi qajeelaa taʼe raawwachuu isaatiin kan kaʼe inni dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata.’+

17 “Sabni kee garuu, dhugumaan jalʼaa kan taʼe daandii isaanii taʼee utuu jiruu, ‘Daandiin Yihowaa jalʼaa dha’ jedhu.

18 “Namni qajeelaan qajeelummaa isaa dhiisee balleessaa yoo raawwate, inni balleessaa sanaan kan kaʼe duʼuu qaba.+ 19 Haa taʼu malee, namni hamaan hammina isaa irraa deebiʼee wanta haqaa fi qajeelaa taʼe yoo raawwate, inni akkana gochuu isaatiin lubbuudhaan ni jiraata.+

20 “Isin garuu, ‘Daandiin Yihowaa jalʼaa dha’ jettaniittu.+ Yaa mana Israaʼel, ani akka daandii keessaniitti tokkoon tokkoon keessaniif murtii nan kenna.”

21 Yeroo dheeraa booda, boojiʼamnee waggaa 12ffaatti, jiʼa kurnaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa shanaffaatti namni Yerusaalem irraa miliqe tokko gara koo dhufee,+ “Magaalattiin rukutamteetti!” naan jedhe.+

22 Galgala namichi miliqe sun dhufuu isaa dura turetti harki Yihowaa na irratti dhufe; achiis inni namicha ganama gara koo dhufe sana duratti afaan koo ni bane. Kanaafuu, afaan koo ni baname; anis dubbachuu nan dandaʼe.+

23 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 24 “Yaa ilma namaa, biyya Israaʼel ilaalchisee jiraattonni diiggaawwan+ kanaa, ‘Abrahaam namuma tokko; taʼus biyyattii dhaala godhee fudhateera.+ Nuti garuu hedduu dha; biyyattiin dhaalaan akka nuuf kennamte hin shakkisiisu’ jechaa jiru.

25 “Kanaafuu, akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Isin nyaata dhiigaa wajjin nyaachaa jirtu;+ gara waaqolii keessan warra balfamoo* taʼanii ni ilaaltu; dhiiga dhangalaasuu keessanis itti fuftaniittu.+ Lafattii kan dhaaltan maaliifi ree? 26 Isin goraadee keessanitti amanamtaniittu;+ gochawwan jibbisiisoo irratti ni hirmaattu; tokkoon tokkoon keessanis haadha manaa nama kan biraa xureessitaniittu.+ Lafattii kan dhaaltan maaliifi ree?”’+

27 “Akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, warri diiggaawwan keessa jiran goraadeedhaan ni kufu; warra dirree keessa jiran bineensota bosonaatiif nyaata godhee nan kenna; warri dahoowwanii fi holqawwan keessa jiranis dhukkubaan ni duʼu.+ 28 Biyyattiin guutummaatti ona akka taatu nan godha;+ of tuulummaan ishii fi koorri ishii ni xumurama; gaaronni Israaʼel ni onu;+ namni keessa darbus hin jiraatu. 29 Wantoota jibbisiisoo isaan raawwatan hundumaatiin kan kaʼe+ yommuun biyyattii guutummaatti ona godhutti+ isaan ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.”’

30 “Yaa ilma namaa, sabni kee dallaawwan cinaattii fi balbala manneenii biratti waaʼee kee ni dubbatu.+ Tokkoon tokkoon namaa obboleessa isaatiin, ‘Kottu, dubbii Yihowaa irraa dhufu haa dhaggeeffannu’ jechaa jira. 31 Isaan akka saba kootti si dura taaʼuuf gara keetti ni yaaʼu; dubbii kee ni dhagaʼu, garuu hin raawwatan.+ Sababiin isaas, isaan afaan isaaniitiin sobanii si jaju;* garaan isaanii garuu buʼaa sirrii hin taane argachuuf hawwa. 32 Kunoo, ati isaaniif akkuma sirba jaalalaa sagalee bareedaa fi meeshaa muuziqaa ribuu qabuun dandeettii guddaadhaan sirbamee ti. Dubbii kee ni dhagaʼu; garuu namni hojii irra oolchu hin jiru. 33 Dhugumaan waan raawwatamuuf, yommuu inni raawwatamu, isaan raajiin gidduu isaanii akka ture dhugumaan ni hubatu.”+

34 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, tiksitoota Israaʼel irratti raajii dubbadhu. Raajii dubbadhu, tiksitoota sanaan akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Tiksitoota Israaʼel warra of sooraniif wayyoo!+ Tiksitoonni hoolota sooruu qabu mitii?+ 3 Isin cooma ni nyaattu; uffata rifeensa hoolaa irraa tolfame ni uffattu; horii isa hundumaa caalaa gabbates ni qaltu;+ hoolota garuu hin soortan.+ 4 Isin isa dadhabe hin cimsine yookiin isa dhukkubsate hin fayyisne yookiin isa miidhame huccuudhaan hin hiine yookiin isa karaa irraa gore hin deebisne yookiin isa bade hin barbaanne;+ kanaa mannaa, gara jabinaa fi hamminaan isaan bulchitan.+ 5 Kanaafuu, tikseen waan hin jirreef isaan ni bittinnaaʼan;+ isaan bittinnaaʼanii bineensa bosonaa hundumaatiif nyaata ni taʼan. 6 Hoolonni koo gaarota hundumaa irrattii fi tabba ol kaʼaa hundumaa irratti faffacaʼaniiru; hoolonni koo guutummaa lafaa irratti bittinnaaʼaniiru; nama isaan barbaadus taʼe isaan argachuuf carraaqqii godhu hin qaban.

7 “‘“Kanaafuu, isin tiksitoonni dubbii Yihowaa dhagaʼaa: 8 ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, tikseen dhabamuu isaatiin kan kaʼe hoolonni koo adamsamanii bineensa bosonaa hundumaatiif nyaata taʼaniiru; tiksitoonni koos hoolota koo hin barbaanne; isaan of sooruu isaanii itti fufan malee hoolota koo hin soorre;”’ 9 kanaafuu, isin tiksitoonni dubbii Yihowaa dhagaʼaa. 10 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ani tiksitoota sana irratti nan kaʼa; hoolota kootiifis* isaan nan gaafadha; hoolota koo akka hin soorre* isaan nan ariʼa;+ kana booda tiksitoonni of hin sooran. Hoolota koo afaan isaaniitii nan buusa; kana booda isaan nyaata isaaniif hin taʼan.’”

11 “‘Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, ani jira; anumti hoolota koo nan barbaada, nan kunuunsas.+ 12 Ani akkuma tiksee hoolota isaa warra bittinnaaʼan argatee sooraa jiruutti hoolota koo nan kunuunsa.+ Guyyaa duumessaa fi dukkana cimaatti+ bakka isaan itti bittinnaaʼan hundumaa keessaa isaan nan baasa. 13 Ani saboota keessaa isaan nan baasa; biyyoota keessaas walitti isaan nan qaba; achiis gara biyya isaaniitti isaan fidee gaarota Israaʼel irratti, lageen birattii fi iddoowwan jireenyaa biyyattii hundumaa biratti isaan nan soora.+ 14 Ani bakka dheedichaa gaarii taʼe keessatti isaan nan soora; isaanis gaarota Israaʼel warra ol kaʼoo taʼan irra ni dheedu.+ Isaan achitti lafa dheedichaa gaarii taʼe keessa ni ciciisu;+ gaarota Israaʼel irrattis kaloowwan filatamoo taʼan ni dheedu.”

15 “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Anumti hoolota koo nan soora;+ anumti akka isaan ciciisan nan godha.+ 16 Isa bade nan barbaada;+ isa karaa irraa gore deebisee nan fida; isa miidhame huccuudhaan nan hidha; isa dadhabe nan cimsa; isa furdatee fi isa cimaa taʼe garuu haxaaʼee nan balleessa. Ani isatti nan murteessa; adaba isaaf malus isa irratti nan dabarsa.”

17 “‘Yaa hoolota koo, isiniin ilaalchisee Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Ani hoolaa isa tokkoo fi hoolaa isa kan biraa gidduutti, korbeeyyii hoolaa fi korbeeyyii reʼee gidduuttis murtii dabarsuufan jedha.+ 18 Iddoo dheedichaa baayʼee gaarii taʼe dheeduun keessan hin gaʼuu? Iddoo dheedichaa keessan isa hafe miilaan dhidhiituu qabduu? Bishaan hundumaa caalaa qulqulluu taʼe erga dhugdanii booda, miilaan dhidhiittanii bishaanicha booressuu qabduu? 19 Hoolonni koo iddoo dheedichaa miila keessaniin dhidhiitame dheeduu fi bishaan isin miilaan dhidhiittanii booressitan dhuguu qabuu?”

20 “‘Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana isaaniin jedha: “Kunoo, ani jira; anumti hoolaa gabbataa fi hoolaa huqqataa gidduutti murtii nan dabarsa; 21 gara biyya kan biraatti hamma isaan bittinneessitanitti cinaachaa fi gateettii keessaniin isaan dhiibuu, gaanfa keessaniinis warra dhukkubsatan hundumaa jifachuu keessan itti fuftaniittu. 22 Ani hoolota koo nan oolcha; isaanis kana booda wanta adamsamu hin taʼan;+ ani hoolaa fi hoolaa gidduutti murtii nan dabarsa. 23 Ani tiksee tokko, jechuunis tajaajilaa koo Daawitiin+ isaaniif nan kaasa;+ innis isaan ni soora. Innumti isaan ni soora, tiksee isaaniis ni taʼa.+ 24 Ani Yihowaan Waaqa isaanii nan taʼa;+ tajaajilaan koo Daawitis isaan gidduutti geggeessaa ni taʼa.+ Ani Yihowaan kana dubbadheera.

25 “‘“Ani isaanii wajjin kakuu nagaa nan gala;+ isaan lafa onaa keessa tasgabbiidhaan akka jiraatanii fi bosona keessa akka ciciisaniif+ bineensota bosonaa hamoo taʼan biyyattii keessaa haxaaʼee nan balleessa.+ 26 Isaanis taʼan bakki naannoo tabba kootti argamu eebba akka argatan* nan godha;+ bokkaanis yeroo isaatti akka roobu nan godha. Eebbis akka bokkaatti ni rooba.+ 27 Mukeetiin dirree keessa jiran firii ni godhatu; lafattiin oomisha ishii ni kenniti;+ isaanis tasgabbiidhaan biyyattii keessa ni jiraatu. Yommuun waanjoo isaanii cabsuu+ fi warra garboota isaan godhatan irraa isaan oolchutti, isaan ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu. 28 Isaan kana booda wanta saboonni adamsan hin taʼan; bineensonni bosonaa lafa irra jiran isaan hin nyaatan; eenyu iyyuu utuu isaan hin sodaachisinis tasgabbiidhaan ni jiraatu.+

29 “‘“Biqiltuu beekamaa* taʼu isaaniif nan dhaaba; kana booda isaan biyyattii keessatti beelaan hin duʼan;+ kana booda saboonni isaan hin salphisan.+ 30 ‘Yeroo kanatti, isaan ani Waaqni isaanii Yihowaan isaanii wajjin akkan jiru, isaan, jechuunis manni Israaʼel immoo saba koo akka taʼan dhugumaan ni hubatu’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”’

31 “‘Isin hoolonni koo,+ hoolonni ani kunuunsu, isin namoota dha, ani immoo Waaqa keessani’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

35 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara naannoo gaarotaa Seʼiiritti+ naannessiitii isa irratti raajii dubbadhu.+ 3 Akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa naannoo gaarotaa Seʼiir, kunoo ani si irratti kaʼeera; ani harka koo si irratti diriirsee ona sin godha.+ 4 Magaalota kee nan diiga; atis ona ni taata;+ ani Yihowaa taʼuu koos dhugumaan ni hubatta. 5 Sababiin isaas, ati diinummaa cimaa argisiisteetta;+ akkasumas yeroo badiisa isaaniitti, yeroo adaba isaanii isa dhumaatti Israaʼelota goraadeetti dabarsitee kenniteetta.”’+

6 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ani dhiigni kee akka dhangalaafamuuf sin qopheessa; dhiigni kees ni dhangalaafama.+ Ati kan jibbite dhiiga waan taʼeef, dhiigni kee ni dhangalaafama.+ 7 Ani naannoo gaarotaa Seʼiir ona nan godha;+ nama achi keessa darbu kam iyyuu isa keessaa nan balleessa. 8 Gaarota isaa reeffaan nan guuta; warri goraadeedhaan ajjeefamanis tabbawwan kee irratti, sululawwan kee keessattii fi lageen kee hundumaa keessatti ni kukkufu. 9 Ani yeroo hundumaatiif ona sin godha; magaalonni kees bakka namni keessa hin jiraanne ni taʼu;+ isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.’

10 “Yihowaan achi kan jiru taʼus ati, ‘Saboonni kun lamaanii fi biyyoonni kun lamaan kan koo ni taʼu; nutis lamaan isaanii iyyuu dhaala godhannee fudhanna’+ waan jetteef, 11 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, jibba isaaniif qabduun kakaatee aarii fi hinaaffaa akkuma argisiistetti anis akkanuma si irratti nan godha;+ yommuun si irratti murteessuttis isaan gidduutti of nan beeksisa. 12 Yeroo sanatti ati, “Isaan ona taʼaniiru; akka isaan nyaannuufis* nuuf kennamaniiru” jechuudhaan wanta hamaa gaarota Israaʼel irratti dubbatte hundumaa ani Yihowaan dhagaʼuu koo beekuuf ni dirqamta. 13 Ati of tuulummaadhaan waaʼee koo dubbatteetta; dubbii kees na irratti baayʼisteetta.+ Anis hunduma isaa dhagaʼeera.’

14 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Yommuun ona si godhutti guutummaan lafaa ni gammaddi. 15 Akkuma ati yommuu dhaalli mana Israaʼel onee turetti gammadde, anis akkanuma si irratti nan godha.+ Yaa naannoo gaarotaa Seʼiir, ati ona ni taata; eeyyee, guutummaan Edoom ona ni taʼa;+ isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’”

36 “Yaa ilma namaa, waaʼee gaarota Israaʼel raajii dubbadhu, akkana jedhi: ‘Yaa gaarota Israaʼel, dubbii Yihowaa dhagaʼaa. 2 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Diinni waaʼee keessan, ‘Ishoo, iddoowwan ol kaʼoon bara durii illee qabeenya keenya taʼaniiru!’ jedheera.”’+

3 “Kanaafuu raajii dubbadhu, akkanas jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Isin qabeenya namoota saboota gidduudhaa lubbuudhaan oolanii akka taataniif, akkasumas namoonni waaʼee keessan dubbachuu fi maqaa keessan balleessuu isaanii akka itti fufaniif, isaan isin onsaniiru, kallattii hundumaatiinis isin haleelaniiru;+ 4 kanaafuu, yaa gaarota Israaʼel, dubbii Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa dhagaʼaa! Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan gaarotaa fi tabbawwaniin, lageenii fi sululawwaniin, diiggaawwan ona taʼaniin,+ akkasumas magaalota onan warra saamamanii fi namoota saboota naannoo isaaniitti argaman keessaa lubbuudhaan oolaniin itti qoosame sanaan akkana jedha;+ 5 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana isaaniin jedha: ‘Ani namoota saboota keessaa lubbuudhaan oolanii fi Edoomota hundumaa warra iddoo dheedichaa ishii fudhachuu fi biyyattii saamuudhaaf gammachuu guddaa fi tuffii cimaadhaan*+ biyya koo akka qabeenya isaaniitti ilaalan irratti ibidda hinaaffaa kootiin+ nan dubbadha.’”’+

6 “Kanaafuu, biyya Israaʼel ilaalchisee raajii dubbadhu; gaarotaa fi tabbawwaniin, lageenii fi sululawwaniin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, isin salphina saboota irraa isinitti dhufe waan baattaniif,+ hinaaffaa fi dheekkamsa kootiin nan dubbadha.”’

7 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Saboonni naannoo keessanitti marsanii jiran salphina isaanii akka baatan ani harka koo ol kaasee nan kakadha.+ 8 Yaa gaarota Israaʼel, isaan yeroo dhihootti waan deebiʼaniif, isin dameewwan baastanii saba koo Israaʼeliif firii keessan ni kennitu.+ 9 Ani isinii wajjinan jira; gara keessanitti nan garagala; isin ni qotamtu, sanyiinis isin irratti ni facaafama. 10 Saba keessan, jechuunis guutummaa mana Israaʼel, eeyyee, hunda isaanii nan baayʼisa; magaalonni kan namni keessa jiraatu ni taʼu;+ diiggaawwanis deebiʼanii ni ijaaramu.+ 11 Eeyyee, saba keessanii fi horii keessan nan baayʼisa;+ lakkoofsi isaanii ni dabala, ni horus. Akkuma kanaan duraatti namni akka isin keessa jiraatu nan godha;+ isa kanaan duraa caalaas badhaadhota akka taatan nan godha;+ isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+ 12 Sabni, eeyyee, sabni koo Israaʼel isin irra akka deeman nan godha; isaanis isin ni dhaalu.+ Isin dhaala isaanii ni taatu; kana boodas matumaa ijoollee malee isaan hin hambistan.’”+

13 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Isaan, “Ati biyya namoota nyaattuu fi saboota ishii ijoollee malee hambistu dha” siin jechaa waan jiraniif,’ 14 ‘ati kana booda namoota hin nyaattu yookiin saboota kee ijoollee malee hin hambistu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 15 ‘Ani kana booda saboonni akka si arrabsanis taʼe, qoosaa namootaa akka baattu hin godhu;+ atis kana booda saboonni kee akka gufatan hin gootu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

16 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 17 “Yaa ilma namaa, manni Israaʼel yommuu biyya isaanii keessa jiraachaa turanitti, daandii isaanii fi gocha isaaniitiin biyyattii xureessaniiru.+ Daandiin isaanii anaaf akkuma xuraaʼummaa laguu ture.+ 18 Dhiiga isaan biyyattii irratti dhangalaasaniin kan kaʼe, akkasumas waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo* taʼaniin biyyattii xureessuu isaaniitiin+ kan kaʼe dheekkamsa koo isaan irratti nan dhangalaase.+ 19 Saboota gidduutti isaan nan bittinneesse, biyyoota keessas isaan nan faffacaase.+ Akka daandii isaanii fi akka gocha isaaniitti isaanitti nan murteesse. 20 Haa taʼu malee, yommuu isaan gara saboota sanaa dhaqanitti namoonni waaʼee isaanii, ‘Namoonni kun saba Yihowaa ti; taʼus biyya isaa keessaa baʼuuf dirqamaniiru’ jedhanii dubbachuudhaan maqaa koo isa qulqulluu ni xureessan.+ 21 Kanaafuu, maqaa koo isa qulqulluu isa manni Israaʼel bakka dhaqanitti saboota gidduutti xureessan sanaaf jedhee tarkaanfii nan fudhadha.”+

22 “Kanaafuu, mana Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa mana Israaʼel, ani tarkaanfii kanan fudhadhu isiniif jedhee miti; kanaa mannaa, maqaa koo isa qulqulluu isa isin saboota gara isaanii dhaqxan sana gidduutti xureessitaniif jedheeni.”’+ 23 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ani maqaa koo isa guddaa isa saboota gidduutti xureeffame, isa isin isaan gidduutti xureessitan dhugumaan nan qulqulleessa;+ yommuun isin gidduutti qulqulluu taʼuu koo ija isaanii duratti argisiisuttis, saboonni ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.+ 24 Saboota gidduudhaa isin baasee, biyyoota hundumaa keessaas walitti isin qabee gara biyya keessaniitti isin nan deebisa.+ 25 Bishaan qulqulluu isin irratti nan facaasa, isinis qulqulluu ni taatu;+ xuraaʼummaa keessan hundumaa fi waaqolii tolfamoo keessan warra balfamoo taʼan+ hundumaa irraa isin nan qulqulleessa.+ 26 Garaa haaraa isiniif nan kenna;+ hafuura haaraas isin keessa nan kaaʼa.+ Garaa dhagaa+ taʼe qaama keessan keessaa baasee garaa foon taʼe* isiniif nan kenna. 27 Ani hafuura koo isin keessa nan kaaʼa, dambiiwwan kootiin akka deddeebitanis nan godha;+ isin heerawwan koo ni eegdu, hojii irras ni oolchitu. 28 Sana booda isin biyyan abbootii keessaniif kenne keessa ni jiraattu; isin saba koo ni taatu; anis Waaqa keessan nan taʼa.’+

29 “‘Xuraaʼummaa keessan hundumaa irraa isin nan oolcha; midhaan nan waama; akka baayʼatus nan godha; beelas isin irratti hin fidu.+ 30 Beelaan kan kaʼe saboota gidduutti lammata salphinni akka isin irra hin geenyeef, firii mukaa fi oomisha maasii nan baayʼisa.+ 31 Sana booda daandiiwwan keessan warra hamoo taʼanii fi gochawwan keessan warra gaarii hin taane sana ni yaadattu; yakka keessanii fi gochawwan keessan warra jibbisiisoo taʼaniin kan kaʼes of jibbitu.+ 32 Haa taʼu malee, ani kana kanan godhu isiniif jedhee akka hin taane+ beekaa. Yaa mana Israaʼel, daandiiwwan keessaniin kan kaʼe qaanaʼaa, salphadhaas’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

33 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Guyyaan yakka keessan hundumaa irraa isin qulqulleessutti magaalonni kan namni keessa jiraatu akka taʼan,+ diiggaawwanis deebiʼanii akka ijaaraman nan godha.+ 34 Lafti onaan inni namni achiin darbu hundi ona akka taʼetti ilaalaa ture sun ni qotama. 35 Namoonnis, “Lafti onee ture akkuma iddoo biqiltuu Eedan+ taʼeera; magaalonni diigamanii, onanii fi jiganii turan amma magaalota dallaa dhagaa qabanii fi kan namni keessa jiraatu taʼaniiru”+ ni jedhu. 36 Saboonni lubbuudhaan oolanii fi naannoo keessanitti argaman isa diigame kan ijaare, lafa ona taʼe keessattis biqiltoota kan dhaabe anuma Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu. Ani Yihowaan kana dubbadheera, raawwadheeras.’+

37 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Sabni Israaʼel kanas akkan isaaniif godhu akka na gaafatan isaaniif nan heyyama: saba isaanii akkuma bushaayeetti nan baayʼisa. 38 Akkuma bushaayee qulqullootaa, akkuma bushaayee* yeroo ayyaanota+ ishiitti Yerusaalem keessatti argamaniitti, magaalonni diigamanii turan namoota hedduudhaan ni guutamu;+ isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’”

37 Harki Yihowaa na irra jira ture; Yihowaan hafuura isaatiin na fuudhee dirree sulula keessa jiru tokko gidduu na kaaʼe;+ dirreen sunis lafeedhaan kan guutame ture. 2 Innis hunda isaanii bira akkan darbu ni godhe; anis dirree sulula keessa jiru sana keessa lafee hedduun akka jiru nan arge; isaanis baayʼee kan goggogan turan.+ 3 Innis, “Yaa ilma namaa, lafeewwan kun deebiʼanii lubbuudhaan jiraachuu ni dandaʼuu?” jedhee na gaafate. Anis, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, situ beeka”+ jedheen deebise. 4 Innis akkana naan jedhe: “Lafeewwan kana irratti raajii dubbadhu, akkana isaaniin jedhi: ‘Yaa lafeewwan goggogdan nana, dubbii Yihowaa dhagaʼaa:

5 “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan lafeewwan kanaan akkana jedha: “Hafuurri akka isinitti seenu nan godha; isinis deebitanii lubbuudhaan ni jiraattu.+ 6 Ribuu fi foon isin irra nan kaaʼa; gogaadhaan isin nan uwwisa; hafuuras isin keessa nan kaaʼa; isinis deebitanii lubbuudhaan ni jiraattu; ani Yihowaa taʼuu koos dhugumaan ni hubattu.”’”

7 Achiis akkuman ajajametti raajii nan dubbadhe. Akkuman raajii dubbadheenis sagalee tokko, jechuunis sagalee sokoksu tokko nan dhagaʼe; lafeewwan sunis inni tokko isa kan biraa wajjin wal qabachuu jalqaban. 8 Achiis ribuunii fi foon yeroo isaan uwwisan nan arge; gogaanis isaan ni uwwise. Haa taʼu malee, amma iyyuu hafuurri isaan keessa hin turre.

9 Achiis akkana naan jedhe: “Bubbeetti raajii dubbadhu. Yaa ilma namaa, raajii dubbadhu, bubbeedhaan akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa bubbee* nana, kallattiiwwan bubbee arfan irraa kottu; akka isaan deebiʼanii lubbuudhaan jiraataniifis namoota ajjeefamanii turan kana irratti bubbisi.”’”

10 Anis akkuma inni na ajajetti raajii nan dubbadhe; hafuurris isaan keessa ni seene; isaanis gara jireenyaatti deebiʼanii miila isaaniitiin dhaabbachuu jalqaban;+ raayyaa baayʼee guddaa taʼes ni taʼan.

11 Achiis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, lafeewwan kun guutummaa mana Israaʼeli.+ Kunoo isaan, ‘Lafeewwan keenya goganiiru; abdiin keenyas badeera.+ Nuti guutummaatti dhumneerra’ jechaa jiru. 12 Kanaafuu, raajii dubbadhu, akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa saba koo, iddoowwan awwaalchaa keessan banee+ awwaala keessan keessaa isin nan kaasa; gara biyya Israaʼelittis isin nan fida.+ 13 Yaa saba koo, yommuun iddoowwan awwaalchaa keessan banee awwaala keessan keessaa isin kaasutti, ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.”’+ 14 ‘Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa; isinis deebitanii lubbuudhaan ni jiraattu;+ ani biyya keessan keessa isin nan qubachiisa; isinis ani Yihowaan kana akkan dubbadhee fi akkan raawwadhe dhugumaan ni hubattu’ jedha Yihowaan.”

15 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 16 “Yaa ilma namaa, ulee tokko fuudhiitii, ‘Yihudaa fi namoota Israaʼel warra isaa wajjin jiraniif’*+ jedhii irratti barreessi. Sana booda ulee kan biraa fuudhiitii, ‘Yoseefiif, ulee Efreemii fi guutummaa mana Israaʼel warra isaa wajjin jiranii’*+ jedhii irratti barreessi. 17 Achiis harka kee keessatti ulee tokko akka taʼaniif walitti isaan qabi.+ 18 Yommuu sabni kee,* ‘Wantoonni kun hiika maalii akka qaban nutti hin himtuu?’ siin jedhan, 19 akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Ani ulee Yoseef isa harka Efreem keessa jiruu fi kan gosoota Israaʼel warra isaa wajjin jiranii taʼe sana fuudhee ulee Yihudaatti nan qabsiisa; ulee tokko isaan nan godha;+ isaanis harka koo keessatti tokko ni taʼu.”’ 20 Uleewwan irratti barreessite sana akka isaan arganiif harka kee keessatti qabadhu.

21 “Achiis akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Ani saboota isaan gara isaanii dhaqan sana gidduudhaa Israaʼelota nan baasa; kallattii hundumaa irraa walitti isaan qabees gara biyya isaaniitti isaan nan fida.+ 22 Biyyattii keessatti, gaarota Israaʼel irrattis saba tokko isaan nan godha;+ mootiin tokkos hunda isaanii ni bulcha;+ kana booda saboota lama hin taʼan; mootummoota lamattis hin hiraman.+ 23 Isaan kana booda waaqolii isaanii warra balfamoo* taʼaniin, gochawwan isaanii warra jibbisiisoo taʼanii fi balleessaa isaaniitiin of hin xureessan.+ Gocha amanamummaa dhabuu isaanii isa ittiin cubbuu hojjetan sana hundumaa irraa isaan nan oolcha, isaan nan qulqulleessas. Isaan saba koo ni taʼu, anis Waaqa isaanii nan taʼa.+

24 “‘“Tajaajilaan koo Daawit mootii isaanii ni taʼa;+ hundi isaaniis tiksee tokko ni qabaatu.+ Akka heera kootti ni deddeebiʼu; dambiiwwan koos of eeggannoodhaan ni raawwatu.+ 25 Isaan biyya ani tajaajilaa koo Yaaqoobiif kennee fi abbootiin keessan keessa jiraachaa turan keessa ni jiraatu;+ isaanis taʼan ijoolleen* isaanii fi ijoolleen ijoollee isaanii bara baraaf ishii keessa ni jiraatu;+ tajaajilaan koo Daawitis bara baraaf geggeessaa* isaanii ni taʼa.+

26 “‘“Anis isaanii wajjin kakuu nagaa nan gala;+ kakuun kunis kakuu bara baraa ani isaanii wajjin galu ni taʼa. Ani isaan nan dhaaba, isaan nan baayʼisa;+ iddoo qulqulluu koos bara baraaf isaan gidduu nan kaaʼa. 27 Dunkaanni* koo isaanii wajjin* ni taʼa; ani Waaqa isaanii nan taʼa, isaanis saba koo ni taʼu.+ 28 Iddoon qulqulluun koo bara baraaf isaan gidduu yommuu taʼutti, ani Yihowaan Israaʼeliin akkan qulqulleesse saboonni dhugumaan ni hubatu.”’”+

38 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, fuula kee Goog isa biyya Maagoog+ isa geggeessaa* angafaa Meesheekii fi Tuubaal+ taʼe sana irra godhiitii isa irratti raajii dubbadhu.+ 3 Akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa Goog isa geggeessaa* angafaa Meesheekii fi Tuubaal taate nana, kunoo, ani si irratti kaʼeera. 4 Ani duubatti sin deebisa; mangaagaa keetti hookkoo kaaʼees+ raayyaa waraanaa kee hundumaa,+ jechuunis fardeenii fi abbootii fardeenii warra hundi isaanii uffata gaggaarii uffatan, yaaʼii balʼaa gaachanoota guguddaa fi gaachanoota xixinnoo* qabate taʼanii fi hundi isaanii iyyuu goraadeetti fayyadamuu dandaʼanii wajjin achi keessaa sin baasa; 5 Faarsi, Itoophiyaanii fi Puut+ warri hundi isaanii gaachana xixinnoo qabatanii fi baarmeexaa sibiilaa godhatan isaanii wajjin jiru; 6 Gomeerii fi loltoonni ishii hundi, andaara lafaa kaabaa irraas namoonni Togaarmaa+ fi loltoonni isaanii hundi, jechuunis namoonni hedduun sii wajjin jiru.+

7 “‘“Atis taate raayyaawwan waraanaa kee warri sii wajjin walitti qabaman hundi qophaaʼaa, of qopheessaas; atis ajajaa* isaanii ni taata.

8 “‘“Guyyoota hedduu booda xiyyeeffannaan siif ni kennama.* Bara dhumaatti ati biyya sabni isaa goraadee irraa hafee deebifamee fi saboota hedduu keessaa walitti qabamee gara gaarota Israaʼel warra bara dheeraadhaaf ona taʼanii turanitti deebiʼe sana ni weerarta. Jiraattonni biyya kanaa warra saboota keessaa deebifaman siʼa taʼan, hundi isaanii iyyuu tasgabbiidhaan jiraatu.+ 9 Ati akkuma bubbeetti isaanitti ni dhufta; ati, loltoonni kee hundii fi namoonni hedduun sii wajjin jiran akkuma duumessaatti biyyattii ni uwwistu.”’

10 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Guyyaa sanatti yaanni tokko garaa keetti ni dhufa; karoora hamaas ni qopheessita. 11 Ati, “Biyya gandeen isaa eegumsa hin qabne* nan weerara.+ Warra jeequmsa tokko malee tasgabbiidhaan jiraatan, warra hundi isaanii gandeen dallaawwan, danqaraawwan yookiin karrawwan hin qabne keessa jiraatan irratti nan dhufa” ni jetta. 12 Kaayyoon kees boojuu hedduu fudhachuu fi saamuu dabalatee iddoowwan diigamoo yeroo ammaatti namoonni keessa jiraatanii+ fi namoota saboota keessaa deebiʼanii walitti qabaman+ warra qabeenyaa fi miʼa kuufachaa jiran,+ warra walakkaa lafaa jiraachaa jiran haleeluu dha.

13 “‘Sheebaan,+ Deedaan,+ daldaltoonni Tarshiishii+ fi loltoonni* ishii hundi akkana siin jedhu: “Ati kan weerartu boojuu hedduu fudhachuu fi saamuufii? Raayyaawwan waraanaa kee kan walitti qabde meetii fi warqii, qabeenyaa fi miʼa, akkasumas boojuu baayʼee hedduu taʼe fudhachuufii?”’

14 “Kanaafuu, yaa ilma namaa, raajii dubbadhu, Googiin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Guyyaa sanatti, yommuu sabni koo Israaʼel tasgabbiidhaan jiraatutti ati kana hin hubattuu?+ 15 Ati iddoo keetii, jechuunis andaara lafaa kaabaa irraa ni dhufta;+ atii fi namoonni hedduun sii wajjin jiran ni dhuftu; isaan hundi isaanii warra fardeeniin gulufan, warra yaaʼii guddaa fi raayyaa waraanaa guddaa taʼani dha.+ 16 Ati akkuma duumessa biyyattii uwwisuutti saba koo Israaʼel irratti ni dhufta. Yaa Goog, yommuun karaa kee isaan duratti of qulqulleessutti saboonni akka na beekaniif+ guyyoota dhumaatti ani biyya koo irratti sin fida.”’+

17 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ati isa ani karaa tajaajiltoota koo warra raajota Israaʼel taʼan sanaatiin baroota darbanitti waaʼee kee raajii dubbadhe sana mitii? Isaan waggoota hedduudhaaf ati isaan irratti akka fidamtu raajii dubbataniiru.’

18 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Guyyaa sanatti, guyyaa Goog biyya Israaʼel weerarutti aariin koo inni guddaan ni bobaʼa.+ 19 Ani hinaaffaa kootiin, ibidda dheekkamsa kootiinis nan dubbadha; guyyaa sanatti biyya Israaʼel keessatti kirkirri lafaa guddaan ni uumama. 20 Anaan kan kaʼe qurxummiin galaanaa, allaattiiwwan samii, bineensonni bosonaa, uumamawwan lafa irra loʼan hundii fi namoonni lafa irra jiran hundi ni romʼu; gaaronni gad ni darbatamu,+ iddoowwan hallayyaa taʼan ni jigu, dallaan hundis lafatti ni jiga.’

21 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ani gaarota koo hundumaa irratti goraadee isatti nan waama. Tokkoon tokkoon namaa goraadee isaa obboleessa isaa irratti ni kaasa.+ 22 Ani golfaa+ fi dhiiga dhangalaasuudhaan murtii koo isa irratti nan dabarsa; isa, loltoota isaa fi namoota hedduu isaa wajjin jiran+ irrattis bokkaa yandoo, cabbii guguddaa,+ ibiddaa+ fi dinyii+ nan roobsa. 23 Ani dhugumaan guddaa of nan godha, of nan qulqulleessa, saboota hedduu durattis of nan beeksisa; isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’

39 “Atis yaa ilma namaa, Goog irratti raajii dubbadhu,+ akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa Goog isa geggeessaa* angafaa Meesheekii fi Tuubaal+ taate nana, ani si irratti kaʼeera. 2 Ani duubatti si deebisee gara fuulduraatti sin oofa; andaara lafaa kaabaa irraas akka dhuftu godhee+ gaarota Israaʼel irratti ol sin baasa. 3 Iddaa harka bitaa kee irra jiru nan dhaʼa; xiyyi kees harka mirgaa kee irraa akka kufu nan godha. 4 Ati, loltoonni kee hundii fi namoonni sii wajjin taʼan gaarota Israaʼel irratti ni kuftu.+ Allaattiiwwan akaakuu hundumaa warra adamsanii nyaatanii fi bineensota bosonaatiif nyaata godhee sin kenna.”’+

5 “‘Ati dirree irratti ni kufta;+ ani kana dubbadheera’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

6 “‘Ani Maagoogii fi warra tasgabbiidhaan odolawwan keessa jiraachaa jiran irratti ibidda nan erga;+ isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu. 7 Maqaan koo inni qulqulluun saba koo Israaʼel gidduutti akka beekamu nan godha; kana booda ani maqaan koo inni qulqulluun akka xuraaʼu hin heyyamu; saboonnis Israaʼel keessatti ani Yihowaa Isa Qulqulluu+ taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’+

8 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Eeyyee, kun ni dhufa, ni raawwatamas. Kun guyyaa ani waaʼee isaa dubbadhe sana dha. 9 Jiraattonni magaalota Israaʼelis gad baʼanii meeshaawwan waraanaatti, jechuunis gaachanoota xixinnoo* fi gaachanoota guguddaatti, iddaawwanii fi xiyyawwanitti, akkasumas uleewwan waraanaa* fi eeboowwanitti ibidda ni qabsiisu. Waggaa torbaafis ibidda bobeessuuf isaanitti fayyadamu.+ 10 Isaan ibidda bobeessuuf meeshaawwan waraanaa sanatti waan fayyadamaniif, dirree keessaa muka fudhachuun yookiin bosona keessaa qoraan funaannachuun isaan hin barbaachisu.’

“‘Isaan warra isaan boojiʼaa turan irraa ni boojiʼu, warra isaan saamaa turan irraas ni saamu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

11 “‘Guyyaa sanatti ani Israaʼel keessatti, sulula warra galaanicha irraa gara bahaatti imalan keessatti Googiif+ iddoo awwaalchaa nan kenna; iddoon awwaalchaa sunis daandii warra achiin darbanii ni cufa. Isaan Googii fi raayyaawwan isaa hundumaa achitti ni awwaalu; iddoo sanas Sulula Hamoon Goog*+ jedhanii ni waamu. 12 Manni Israaʼelis biyyattii qulqulleessuuf isaan awwaaluu irratti jiʼa torba ni dabarsu.+ 13 Namoonni biyyattii hundi isaan awwaaluu irratti ni hirmaatu; kunis guyyaa ani ulfina ofiif fidutti beekamummaa isaaniif ni argamsiisa’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

14 “‘Namoonnis yeroo hundumaa biyyattii keessa akka darbanii fi lafa qulqulleessuuf reeffawwan lafa irratti hafan akka awwaalan ni ramadamu. Jiʼa torbaafis barbaaduu isaanii itti fufu. 15 Warri biyyattii keessa darban yommuu lafee namaa arganitti isa biratti mallattoo ni dhaabu. Achiis warri akka awwaalaniif ramadaman Sulula Hamoon Goog+ keessatti isa ni awwaalu. 16 Magaalaan Hamoonaa* jedhamtu tokkos achitti ni argamti. Isaanis biyyattii ni qulqulleessu.’+

17 “Yaa ilma namaa, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Allaattiiwwan akaakuu hundumaa fi bineensota bosonaa hundumaatiin akkana jedhi: “Walitti qabamaatii kottaa. Naannoo aarsaa kootti, aarsaa guddaa gaarota Israaʼel irratti ani isiniif qopheessaa jirutti walitti qabamaa.+ Isin foon ni nyaattu, dhiigas ni dhugdu.+ 18 Isin foon namoota jajjaboo ni nyaattu, dhiiga geggeessitoota lafaas ni dhugdu; isaan korbeeyyii hoolaa, hoolota xobbaallaa, reʼootaa fi qotiyyoo siʼa taʼan, hundi isaanii iyyuu horiiwwan Baashaan warra gabbatoo taʼani dha. 19 Isin hamma garaan isin qabutti cooma ni quuftu; aarsaa ani isiniif qopheessuun hamma machooftanittis dhiiga ni dhugdu.”’

20 “‘Isin maaddii koo irraa fardeenii fi namoota gaarii fardaa oofan, namoota jajjaboo fi loltoota akaakuu hundumaa ni quuftu’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

21 “‘Ani ulfina koo saboota gidduutti nan mulʼisa; saboonni hundis murtii ani isaan gidduutti dabarsee fi humna* ani isaan gidduutti argisiise ni argu.+ 22 Guyyaa sanaa kaasee manni Israaʼel ani Waaqa isaanii Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu. 23 Saboonnis manni Israaʼel boojuudhaan kan fudhataman balleessaa ofii isaaniitiin, akkasumas anaaf amanamoo utuu hin taʼin hafuu isaaniitiin akka taʼe dhugumaan ni hubatu.+ Anis fuula koo isaan duraa nan dhokse;+ harka diinota isaaniitti dabarsee isaan nan kenne;+ hundi isaaniis goraadeedhaan ni kukkufan. 24 Akka xuraaʼummaa isaaniittii fi akka yakka isaaniitti isaaniif nan deebise; fuula koos isaan duraa nan dhokse.’

25 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ani warra Yaaqoob keessaa boojiʼaman iddootti nan deebisa;+ guutummaa mana Israaʼelittis gara laafina nan argisiisa;+ qulqullina maqaa kootiif nan falma.*+ 26 Anaaf amanamoo utuu hin taʼin hafuu isaaniitiin kan kaʼe erga salphatanii booda,+ eenyu iyyuu utuu isaan hin sodaachisin tasgabbiidhaan biyya isaanii keessa ni jiraatu.+ 27 Yommuun saboota keessaa deebisee isaan fiduttii fi biyyoota diinota isaanii keessaa walitti isaan qabutti+ saboota hedduu duratti isaan gidduutti of nan qulqulleessa.’+

28 “‘Boojuudhaan gara sabootaatti ergan isaan ergee booda, nama tokko illee utuu hin hambisin yommuun gara biyya isaaniitti deebisee walitti isaan qabutti, isaan ani Waaqa isaanii Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.+ 29 Ani hafuura koo mana Israaʼel irratti waanan dhangalaasuuf,+ kana booda fuula koo isaan duraa hin dhoksu’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

40 Boojiʼamnee waggaa 25ffaatti,+ jalqaba waggichaatti, jiʼicha keessaas guyyaa kurnaffaatti, magaalattiin kuftee+ waggaa 14ffaatti, guyyuma sanatti harki Yihowaa ana irra jira ture; innis gara magaalattiitti na geesse.+ 2 Mulʼata Waaqayyo biraa dhufeen gara biyya Israaʼelitti na geessee gaara baayʼee dheeraa taʼe tokko irra na kaaʼe;+ gaara sana irras kallattii kibbaatiin wanti magaalaa fakkaatu tokko jira ture.

3 Yommuu inni achi na geessus nama bifti isaa sibiila diimaa fakkaatu tokko nan arge.+ Innis wadaroo quncee talbaa irraa tolfamee fi shomboqqoo safaraa* harka isaatti qabatee+ karra irra dhaabbatee ture. 4 Namichis, “Yaa ilma namaa, ati as kan fidamte kanaaf waan taʼeef, qalbeeffadhuu ilaali, of eeggannoodhaan dhaggeeffadhu, wantan sitti argisiisu hundumaatiifis xiyyeeffannaa kenni.* Wanta argitu hundumaas mana Israaʼelitti himi”+ naan jedhe.

5 Anis dallaa karaa alaatiin mana qulqullummaatti* marsee jiru tokko nan arge. Harka namichaa irras shomboqqoon safaraa dhundhuma jaʼa dheeratu tokko jira ture (tokkoon tokkoon dhundhuma sanaatti balʼinni barruu harkaa tokko tokko dabalamee ture).* Innis dallaa sana safaruu jalqabe; dallaan sunis furdinni isaa shomboqqoo tokko, ol dheerinni isaas shomboqqoo tokko ture.

6 Innis gara karra gara bahaatti garagalee jirutti+ dhufee kortoowwan isaa irra baʼe. Yommuu mooraa karrichaa safaruttis, dalgi isaa shomboqqoo tokko ture; dalgi mooraa isa kan biraas shomboqqoo tokko ture. 7 Tokkoon tokkoon kutaa eegduu dheerinni isaa shomboqqoo tokko, balʼinni isaas shomboqqoo tokko ture; balʼinni kutaawwan eegduu sana gidduu jirus dhundhuma shan ture.+ Mooraan karra isa barandaa karrichaa bira jiruu fi gara keessaatti garagalee jiru sanaa shomboqqoo tokko ture.

8 Barandaa karrichaa gara keessaatti ni safare, innis shomboqqoo tokko ture. 9 Achiis barandaa karrichaa ni safare, innis dhundhuma saddeet ture; utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan ni safare, isaanis dhundhuma lama turan; barandaan karrichaas iddoo gara mana qulqullummaatti garagalee jiru irratti argama ture.

10 Karra karaa bahaatiin argamuun garanaa fi garasiin kutaawwan eegduu sadi sadii jiru turan. Sadan isaanii iyyuu wal qixa turan; utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatanis wal qixa turan.

11 Achiis dalga balbala karrichaa ni safare, innis dhundhuma 10 ture; dheerinni karrichaas dhundhuma 13 ture.

12 Bakki hiramaan kutaawwan eegduu sana fuuldura jiru garanaa fi garasiin dhundhuma tokko tokko ture. Kutaawwan eegduu garanaa fi garasiin jiran tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma jaʼa jaʼa turan.

13 Achiis baaxii kutaa eegduu isa tokko irraa hamma baaxii kutaa eegduu* isa kan biraatti karricha ni safare, innis dalgi isaa dhundhuma 25 ture; balballi inni tokko balbala isa kan biraa fuulleetti argama ture.+ 14 Achiis utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan ni safare, isaanis ol dheerinni isaanii dhundhuma 60 ture; utubaawwan karrawwan mooraa sanatti marsanii jiran keessa garanaa fi garasiin dhaabbatanis ni safare. 15 Fuuldura balbala karrichaa irraa jalqabee hamma fuuldura barandaa isa karricha irraa gara keessaatti argamuutti dhundhuma 50 ture.

16 Kutaawwan eegduu sunii fi utubaawwan karricha keessa garanaa fi garasiin dhaabbatan foddaawwan fireemiiwwan* wal irra kaaʼamanii keessaa gara alaatti dhiphachaa deeman+ qaban qabu turan. Barandaawwan sunis keessaan garanaa fi garasiin foddaawwan qabu turan; utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan irras fakkiiwwan muka meexxii+ jiru turan.

17 Achiis inni gara mooraa isa alaatti na fide; naannoo mooraa sanaattis kutaawwan nyaataa*+ fi bakka dhagaadhaan uwwifame nan arge. Bakka dhagaadhaan uwwifame sana irra kutaawwan nyaataa 30ni jiru turan. 18 Bakki dhagaadhaan uwwifamee fi karrawwan cinaatti argamu dheerina karrawwan sanaa wajjin wal qixxee ture; kun bakka dhagaadhaan uwwifame isa gadii ture.

19 Achiis fageenya* fuuldura karra isa gadii irraa jalqabee hamma daangaa mooraa isa keessaatti jiru ni safare. Innis kallattii bahaa fi kallattii kaabaatiin dhundhuma 100 ture.

20 Mooraan inni alaa karra gara kaabaatti garagale tokko qaba ture; innis dheerina isaa fi dalga isaa ni safare. 21 Garanaa fi garasiin kutaawwan eegduu sadi sadii jiru turan. Safarri utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatanii fi kan barandaa isaa safara karra isa jalqabaa wajjin wal qixa ture. Innis dheerinni isaa dhundhuma 50, dalgi isaa immoo dhundhuma 25 ture. 22 Foddaawwan isaa, barandaan isaa fi fakkiiwwan muka meexxii+ isaa hammuma kan warra karra isa bahaa gaʼu turan. Namoonni kortoowwan torba ol baʼanii achi gaʼu turan; barandaan isaas fuuldura isaaniitti argama ture.

23 Mooraa isa keessaa keessa fuullee karra isa kaabaatiin karri tokko, fuullee karra isa bahaatiinis karri tokko jira ture. Yommuu inni karra isa tokko irraa hamma isa kan biraatti safaruttis dhundhuma 100 taʼe.

24 Achiis kallattii kibbaatti kan na geesse yeroo taʼu, anis kallattii kibbaatiin karra tokko nan arge.+ Innis utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatanii fi barandaa isaa ni safare, isaanis hammuma warra kaanii gaʼu turan. 25 Karricha irra, akkasumas barandaa isaa irra garanaa fi garasiin foddaawwan akkuma foddaawwan kaanii taʼan jiru turan. Dheerinni isaa dhundhuma 50, dalgi isaa immoo dhundhuma 25 ture. 26 Kortoowwan gara isaatti geessan torba jiru turan;+ barandaan isaas fuuldura isaaniitti argama ture. Utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatanis fakkiiwwan muka meexxii tokko tokko qabu turan.

27 Mooraan inni keessaa karra gara kibbaatti garagalee jiru tokko qaba ture; innis kallattii kibbaatiin karra isa tokko irraa hamma karra isa kan biraatti ni safare; fageenyi isaas dhundhuma 100 ture. 28 Achiis inni karaa karra isa kibbaatiin gara mooraa isa keessaatti na fide; yommuu karra isa kibbaa safarus hammuma warra kaanii taʼe. 29 Kutaawwan eegduu isaa, utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatanii fi barandaan isaa hammuma warra kaanii gaʼu turan. Karricha irra, akkasumas barandaa isaa irra garanaa fi garasiin foddaawwan jiru turan. Dheerinni isaa dhundhuma 50, dalgi isaa immoo dhundhuma 25 ture.+ 30 Kallattii hundumaatiin barandaawwan jiru turan; isaanis dheerinni isaanii dhundhuma 25, dalgi isaanii immoo dhundhuma 5 ture. 31 Barandaan isaa gara mooraa isa alaatti garagalee kan ture yeroo taʼu, utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan irra fakkiiwwan muka meexxii+ jiru turan; kortoowwan gara isaatti ol baasan saddeetis jiru turan.+

32 Innis kallattii bahaa irraa gara mooraa isa keessaatti na fidee karricha ni safare; innis hammuma warra kaanii gaʼa ture. 33 Kutaawwan eegduu isaa, utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatanii fi barandaan isaa hammuma warra kaanii gaʼu turan; karricha irra, akkasumas barandaa isaa irra garanaa fi garasiin foddaawwan jiru turan. Dheerinni isaa dhundhuma 50, dalgi isaa immoo dhundhuma 25 ture. 34 Barandaan isaa gara mooraa isa alaatti garagalee kan ture yeroo taʼu, utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan lamaan irra fakkiiwwan muka meexxii jiru turan; kortoowwan gara isaatti ol baasan saddeetis jiru turan.

35 Achiis inni gara karra isa kaabaatti+ na fidee karricha ni safare; innis hammuma warra kaanii gaʼa ture. 36 Kutaawwan eegduu isaa, utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatanii fi barandaan isaa akkuma warra kaanii turan. Innis garanaa fi garasiin foddaawwan qaba ture. Dheerinni isaa dhundhuma 50, dalgi isaa immoo dhundhuma 25 ture. 37 Utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan gara mooraa isa alaatti garagalanii turan; utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan lamaan irra fakkiiwwan muka meexxii jiru turan; kortoowwan gara isaatti ol baasan saddeetis jiru turan.

38 Kutaan nyaataa balbala qabu tokkos utubaawwan karrichaa warra garanaa fi garasiin dhaabbatan bira jira ture; aarsaawwan guutummaatti gubamanis achitti dhiqamu turan.+

39 Barandaa karra sanaa irra garanaa fi garasiin minjaalonni aarsaawwan guutummaatti gubaman,+ akkasumas aarsaawwan cubbuu+ fi aarsaawwan yakkaa+ irratti qalaman lama lama jiru turan. 40 Daandii gara karra kaabaatti geessu irra, balbalicha irraa gara alaatiin minjaalonni lama jiru turan. Barandaa karrichaa irraa kallattii isa kan biraatiinis minjaalonni lama jiru turan. 41 Karricha irra garanaa fi garasiin minjaalonni afur afur kan jiran yeroo taʼu, walumaa galatti minjaalonni aarsaawwan irratti qalaman saddeet jiru turan. 42 Minjaalonni arfan aarsaa guutummaatti gubamuuf qophaaʼan dhagaa bocame irraa kan tolfaman turan. Dheerinni isaanii dhundhuma tokkoo fi walakkaa, dalgi isaanii dhundhuma tokkoo fi walakkaa, ol dheerinni isaanii immoo dhundhuma tokko ture. Miʼawwan aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan kaan ittiin qaluuf tajaajilan achi irra kaaʼamanii turan. 43 Madardaraawwan dalgi isaanii hamma balʼina barruu harkaa tokko taʼe girgiddaawwan keessaan argaman irratti marfamanii qabsiifamanii turan; foon kennaa aarsaa taʼee dhihaatu sanaaf oolus minjaalota sana irra kaaʼama ture.

44 Karra isa keessaa irraa gara alaatiin kutaawwan nyaataa faarfattootaa jiru turan;+ isaan mooraa isa keessaa keessa karra isa kaabaa bira kallattii kibbaatti garagalanii jiru turan. Kutaan nyaataa kan biraan immoo karra isa bahaa bira kallattii kaabaatti garagalee jira ture.

45 Innis akkana naan jedhe: “Kutaan nyaataa inni kallattii kibbaatti garagalee jiru kun kan luboota tajaajila mana qulqullummaa keessatti raawwatamuuf itti gaafatamummaa qaban sanaa ti.+ 46 Kutaan nyaataa inni kallattii kaabaatti garagalee jiru kan luboota tajaajila iddoo aarsaa irratti itti gaafatamummaa qaban sanaa ti.+ Isaan ilmaan Saadoq+ warra Leewwota taʼanii fi Yihowaa tajaajiluuf isa duratti akka dhihaatan ramadamani dha.”+

47 Achiis inni mooraa isa keessaa ni safare. Innis dheerinni isaa dhundhuma 100, dalgi isaas dhundhuma 100 kan ture yeroo taʼu, rogarfee ture. Iddoon aarsaas mana qulqullummaa fuuldura ture.

48 Achiis inni gara barandaa mana qulqullummaatti+ na fidee utubaawwan barandaa sanaa garanaa fi garasiin dhaabbatan ni safare; innis garanaan dhundhuma shan, garasiinis dhundhuma shan ture. Dalgi karrichaas garanaan dhundhuma sadii, garasiinis dhundhuma sadii ture.

49 Barandichi dheerinni isaa dhundhuma 20, dalgi isaa immoo dhundhuma 11* ture. Namoonni kortoowwan irra ol baʼanii achi gaʼu turan. Girgiddaawwan garanaa fi garasiin jiran bira utubaawwan tokko tokko jiru turan.+

41 Achiis gara iddoo qulqulluu* isa alaatti na fidee utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan ni safare; isaanis dalgi isaanii garanaan dhundhuma* jaʼa, garasiinis dhundhuma jaʼa ture. 2 Balbalichi dalgi isaa dhundhuma kudhan ture; girgiddaawwan balbalicha irraa garanaa fi garasiin jiran gara isa tokkootiin dhundhuma shan, gara isa kan biraatiinis dhundhuma shan turan. Yommuu inni dheerina isaa safarus dhundhuma 40 taʼe; dalgi isaa immoo dhundhuma 20 taʼe.

3 Achiis gara keessaatti* seenee utubaa balbalicha cinaa jiru ni safare; innis dhundhuma lama kan furdatu ture; balbalichis dalgi isaa dhundhuma jaʼa ture. Girgiddaawwan balbalicha irraa garanaa fi garasiin jiran* dhundhuma torba turan. 4 Sana booda kutaa gara iddoo qulqulluu isa alaatti garagalee jiru ni safare, innis dheerinni isaa dhundhuma 20, dalgi isaas dhundhuma 20 ture.+ Innis, “Kun Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe+ dha” naan jedhe.

5 Achiis girgiddaa mana qulqullummaa ni safare, innis dhundhuma jaʼa kan furdatu ture. Kutaawwan naannoo mana qulqullummaa sanaa jiran dalgi isaanii dhundhuma afur ture.+ 6 Kutaawwan garanaa fi garasiin jiran darbii sadii kan ol dheeratan yeroo taʼu, inni tokko isa kan biraa irra jira ture; tokkoon tokkoon darbii irras kutaawwan 30tu jira ture. Baattuuwwan kutaawwan sana deggeranii fi girgiddaa mana qulqullummaatti marsanii argaman jiru turan; kunis deggertuuwwan sun girgiddaa mana qulqullummaa sana keessa akka hin seenneefi.+ 7 Mana qulqullummaa sana garanaa fi garasiin daandii jajalʼaan* gara kutaawwan warra oliitti ol baasu jira ture.+ Namni tokko darbii isa gidduu keessa darbee darbii isa gadii irraa gara darbii isa oliitti yeroo ol baʼu balʼinni dalga isaa darbii irraa gara darbiitti dabalaa deema.

8 Waltajjii guutummaa naannoo mana qulqullummaatti marsee jiru tokko nan arge; buʼuurawwan kutaawwan garanaa fi garasiin jiran sanaas hamma golee isaatti shomboqqoo dhundhuma jaʼa guutuu taʼu turan. 9 Girgiddaan kutaawwan garanaa fi garasiin jiranii inni gara alaatiin jiru dalgi isaa dhundhuma shan ture. Kutaawwan garanaa fi garasiin jiran bira iddoon banaa taʼee* fi kutaa mana qulqullummaa taʼe tokko jira ture.

10 Mana qulqullummaa fi kutaawwan nyaataa*+ sana gidduu garanaa fi garasiin iddoon dalgi isaa dhundhuma 20 taʼe tokko jira ture. 11 Kutaawwan garanaa fi garasiin jiranii fi iddoo banaa kallattii kaabaatiin jiru gidduu balballi tokko jira ture; kallattii kibbaatiin immoo balballi kan biraan jira ture. Iddoon banaan sun kallattii hundumaatiin dalgi isaa dhundhuma shan ture.

12 Gamoon kallattii dhihaatiin argamuu fi gara iddoo banaa sanatti garagalee jiru dalgi isaa dhundhuma 70, dheerinni isaa immoo dhundhuma 90 ture; girgiddaan gamoo sanaa kallattii hundumaatiin furdinni isaa dhundhuma shan ture.

13 Innis mana qulqullummaa yommuu safaru dheerinni isaa dhundhuma 100 taʼe. Iddoon banaan sun, gamoon* sunii fi girgiddaawwan isaas dheerinni isaanii dhundhuma 100 ture. 14 Dalgi fuuldura mana qulqullummaa isa gara bahaatti garagalee jiru sanaa fi dalgi iddoo banaa sanaa dhundhuma 100 ture.

15 Innis iddoowwan keessa darbaman warra garanaa fi garasiin jiran dabalatee gamoo gara iddoo banaa isa duubaa sanatti garagalee jiru yommuu safaru dheerinni isaa dhundhuma 100 taʼe.

Kana malees, inni iddoo qulqulluu isa alaa, iddoo qulqulluu isa keessaa+ fi barandaawwan mooraa sanaa ni safare; 16 akkasumas gubaniiwwan balbalaa, foddaawwan fireemiiwwan keessaa gara alaatti dhiphachaa deeman qabanii+ fi iddoowwan keessa darbaman warra bakka sadan sanatti argaman ni safare. Gubanii balbalaa sana bira lafa isaa irraa jalqabee hamma foddaawwan isaatti saanqaan maxxanfamee ture;+ foddaawwan sunis uwwifamanii turan. 17 Balbalichaa olitti manni qulqullummaa inni keessaa fi alli isaa, akkasumas girgiddaan manichatti marsee jiru guutummaan isaa ni safarame. 18 Kiruubelonnii+ fi fakkiiwwan muka meexxii+ isa irratti bocamanii turan; fakkiin muka meexxii tokko kiruubelota lama lama gidduu jira ture; kiruubelonni sunis fuula lama lama qabu turan. 19 Gama tokkoon fuulli namaa gara muka meexxii sanaatti garagalee jira ture; gama kan biraatiin immoo fuulli leencaa* gara muka meexxii sanaatti garagalee jira ture.+ Isaan guutummaa mana qulqullummaa sanaa keessatti akka kanaan bocamanii jiru turan. 20 Girgiddaa iddoo qulqulluu sanaa irratti lafa isaatii jalqabee hamma iddoo balbalicha irraa olitti argamuutti kiruubelonnii fi fakkiiwwan muka meexxii bocamanii jiru turan.

21 Maqaaniiwwan* balbaloota iddoo qulqulluu sanaa rogarfee turan.+ Iddoo qulqulluu* sana fuulduras wanti akka 22 iddoo aarsaa muka irraa tolfamee+ fi ol dheerinni isaa dhundhuma sadii, dheerinni isaa immoo dhundhuma lama taʼe tokko jira ture. Inni utubaa golee kan qabu yeroo taʼu, jalli* isaa, akkasumas garanaa fi garasiin muka irraa kan tolfame ture. Achiis inni, “Kun minjaala Yihowaa dura jiru sana dha”+ naan jedhe.

23 Iddoon qulqulluun inni alaa fi iddoon qulqulluun inni keessaa balbala lama lama qabu turan.+ 24 Balbaloonni sun cufaa gar lamatti banamu lama lama qabu turan. 25 Kiruubelonnii fi fakkiiwwan muka meexxii akkuma girgiddaawwan sana irratti bocamanii turanitti balbaloota iddoo qulqulluu sana irrattis bocamanii jiru turan.+ Barandaa sana fuuldura karaa alaatiin baaxiin muka irraa tolfame jira ture. 26 Barandaa sana irraa garanaa fi garasiin, akkasumas kutaawwan mana qulqullummaa garanaa fi garasiin jiran irrattii fi baaxiiwwan sana biratti foddaawwan fireemiiwwan keessaa gara alaatti dhiphachaa deeman qabanii+ fi fakkiiwwan muka meexxii jiru turan.

42 Achiis inni kallattii kaabaatiin gara mooraa isa alaatti na geesse.+ Sana booda gara gamoo kutaa nyaataa isa iddoo banaa sanatti aansee,+ gamoo isa bira jiru irraa karaa kaabaatiin argamutti+ na fide. 2 Karaa balbala kaabaatiin dheerinni isaa dhundhuma* 100, dalgi isaa immoo dhundhuma 50 ture. 3 Innis mooraa isa keessaa isa dalgi isaa dhundhuma 20 taʼee+ fi mooraa isa alaa isa dhagaadhaan uwwifame gidduutti argama ture. Iddoowwan isaa warri keessa darbaman walitti kan garagalan yeroo taʼu, darbii sadii ol dheeratu turan. 4 Kutaawwan nyaataa* fuuldura karaa keessaatiin daandiin+ dalgi isaa dhundhuma 10, dheerinni isaa immoo dhundhuma 100* taʼe jira ture; balballi isaanii gara kaabaatti kan garagale ture. 5 Iddoowwan keessa darbaman bakka balʼaa waan fudhataniif, kutaawwan nyaataa gamoo sanaa warri gara olii jiran kutaawwan nyaataa warra darbii isa gadii fi isa gidduu keessatti argaman caalaa dhiphoo turan. 6 Isaan darbii sadii kan ol dheeratan taʼus, utubaawwan akka utubaa mooraawwan sanaa taʼan hin qaban turan. Darbii isa gadii fi isa gidduu caalaa isaan irraa iddoon dabalataa kan fudhatame kanaafi.

7 Girgiddaan dhagaa inni alaa inni kutaawwan nyaataa biratti argamu dhundhuma 50 dheerata ture; innis mooraa isa alaa bira, kutaawwan nyaataa kaanitti garagalee argama ture. 8 Kutaawwan nyaataa warri mooraa isa alaa biratti argaman dhundhuma 50, warri gara iddoo qulqulluutti garagalanii jiran immoo dhundhuma 100 dheeratu turan. 9 Kutaawwan nyaataa sun kallattii bahaatiin karaa ittiin seenanii fi mooraa isa alaa irraa gara isaaniitti geessu qabu turan.

10 Dallaa dhagaa mooraa sanaa isa kallattii bahaatiin argamu keessatti,* iddoo banaa sanaa fi gamoo sana birattis kutaawwan nyaataa ni argamu turan.+ 11 Isaan fuuldura karaan karaa kutaawwan nyaataa kallattii kaabaatiin argamanii wajjin wal fakkaatu tokko jira ture.+ Dheerinnii fi dalgi isaanii wal qixa ture; karaan ittiin baʼamuu fi akkaataan itti tolfaman wal fakkaata ture. Balbaloonni isaanii 12 balbaloota kutaawwan nyaataa kallattii kibbaatiin argamanii wajjin wal fakkaatu turan. Bakka daandiin itti jalqabu irratti, dallaa dhagaa kallattii bahaatiin argamu fuuldura, balballi namni itti seenuu dandaʼu tokko jira ture.+

13 Achiis inni akkana naan jedhe: “Kutaawwan nyaataa kallattii kaabaatiin argamanii fi kutaawwan nyaataa kallattii kibbaatiin argaman warri iddoo banaatti aansanii jiran+ sun kutaawwan nyaataa qulqulluu bakka luboonni Yihowaatti dhihaatan aarsaa hundumaa caalaa qulqulluu taʼe itti nyaatani dha.+ Iddoon sun qulqulluu waan taʼeef, isaan aarsaa hundumaa caalaa qulqulluu taʼe, aarsaa midhaanii, aarsaa cubbuu fi aarsaa yakkaa achi kaaʼu.+ 14 Luboonni yommuu iddoo qulqulluutti seenan, jalqaba uffata ittiin tajaajilan sana utuu of irraa hin baasin achi keessaa gara mooraa isa alaatti gad baʼuu hin qaban;+ sababiin isaas, uffanni kun qulqulluu dha. Isaan gara iddoo sabichaaf heyyamametti dhihaachuuf uffata kan biraa ni uffatu.”

15 Inni iddoo mana qulqullummaa* isa keessaa safaree yommuu xumuretti, karaa karra isa kallattii bahaatti garagalee jiruun+ gad na baase; achiis iddoo sana guutummaa isaa ni safare.

16 Kallattii isa karaa bahaatiin argamu shomboqqoo safaraatiin* ni safare. Innis akka shomboqqoo safaraatti kallattii isa tokko irraa hamma kallattii isa kan biraatti dheerinni isaa shomboqqoo 500 ture.

17 Kallattii isa karaa kaabaatiin argamu ni safare; akka shomboqqoo safaraatti dheerinni isaa shomboqqoo 500 ture.

18 Kallattii isa karaa kibbaatiin argamu ni safare; akka shomboqqoo safaraatti dheerinni isaa shomboqqoo 500 ture.

19 Achiis gara kallattii isa karaa dhihaatiin argamuutti naannaʼe. Shomboqqoo safaraatiinis dheerina shomboqqoo 500 ni safare.

20 Innis kallattii arfaniin iyyuu ni safare. Iddoo qulqulluu taʼe iddoo tajaajila kan biraatiif oolu irraa addaan baasuuf,+ girgiddaan dheerinni isaa shomboqqoo 500, dalgi isaas shomboqqoo 500 taʼe+ naannoo isaatti argama ture.+

43 Achiis gara karra isa gara bahaatti garagalee jirutti+ na geesse. 2 Achittis ulfinni Waaqa Israaʼel kallattii bahaa irraa yommuu dhufu nan arge;+ sagaleen isaa akkuma sagalee huursaa bishaanii ture;+ laftis ulfina isaatiin ni ifte.+ 3 Wantin arge kun mulʼata isa ani* magaalattii balleessuuf yeroon dhufetti argee ture sanaa wajjin wal fakkaata ture; akkasumas wanta ani laga Kebaar+ biratti arge sana fakkaata ture; anis adda kootiin lafatti nan gombifame.

4 Achiis ulfinni Yihowaa karaa karra isa gara bahaatti garagalee jiruun mana qulqullummaa* sanatti ni seene.+ 5 Hafuurri tokkos ol na kaasee gara mooraa isa keessaatti na fide; anis manni qulqullummaa sun ulfina Yihowaatiin akka guutame+ nan arge. 6 Achiis namni tokko mana qulqullummaa sana keessaa utuu natti dubbatuu kanan dhagaʼe yeroo taʼu, namichis dhufee na bira dhaabbate.+ 7 Innis akkana naan jedhe:

“Yaa ilma namaa, kun iddoo teessoo+ koo, iddoo faanni miila kootii dhaabbatu,+ iddoo ani bara baraaf saba Israaʼel gidduu itti jiraadhu dha.+ Manni Israaʼelis taʼan mootonni isaanii sagaagalummaa karaa hafuuraa raawwatanii fi reeffa mootota isaanii warra duʼaniitiin kana booda maqaa koo isa qulqulluu hin xureessan.+ 8 Isaan anaa fi isaan gidduu girgiddaa tokko qofa dhaabuudhaan+ gubanii balbalaa isaanii gubanii balbalaa kootti, maqaanii isaaniis maqaanii kootti aansanii kaaʼuudhaan, wantoota jibbisiisoo raawwataniin maqaa koo isa qulqulluu xureessaniiru; kanaan kan kaʼes, ani aarii kootiin haxaaʼee isaan nan balleesse.+ 9 Ammas isaan sagaagalummaa karaa hafuuraa raawwatanii fi reeffa mootota isaanii ana irraa haa fageessan; anis bara baraaf isaan gidduu nan jiraadha.+

10 “Ati garuu yaa ilma namaa, balleessaa isaaniitiin kan kaʼe akka qaanaʼaniif,+ waaʼee mana qulqullummaa mana Israaʼeliif ibsi;+ pilaanii isaas haa qoʼatan.* 11 Wantoota raawwatan hundumaatti yoo qaanaʼan pilaanii mana qulqullummaa, bifa isaa, karaa ittiin baʼamuu fi karaa ittiin seenamu isaan beeksisi.+ Pilaanii isaa hundumaa akka hordofanii fi dambiiwwan isaa akka raawwataniif, pilaaniiwwan isaa fi dambiiwwan isaa hundumaa, akkasumas pilaaniiwwan isaa fi seerawwan isaa isaanitti argisiisi;+ ijuma isaanii durattis barreessi. 12 Seerri mana qulqullummaa kana dha. Guutummaan naannoo fiixee gaarichaatti marsee jiruu iddoo hundumaa caalaa qulqulluu taʼe dha.+ Kunoo, seerri mana qulqullummaa kana dha.

13 “Safarri iddoo aarsaa dhundhumaan yommuu safaramu kana dha+ (tokkoon tokkoon dhundhuma sanaatti balʼinni barruu harkaa tokko tokko dabalamee ture).* Buʼuurri isaa dhundhuma tokko, dalgi isaas dhundhuma tokko ture. Guutummaa naannoo qarqara isaattis ittisni dalgi isaa taakkuu* tokko taʼe jira ture. Kun buʼuura iddoo aarsaa sanaa ti. 14 Buʼuura isa lafa irra jiru irraa jalqabee hamma baattuu isa gadii isa itti marsee jiru sanaatti dhundhuma lama yeroo taʼu, dalgi isaa immoo dhundhuma tokko ture. Baattuu xinnaa itti marsee jiru irraa jalqabee hamma baattuu guddaa itti marsee jiruutti dhundhuma afur yeroo taʼu, dalgi isaa immoo dhundhuma tokko ture. 15 Bakki ibiddaa iddoo aarsaa sanaa dhundhuma afur kan ol dheeratu yeroo taʼu, bakka ibiddaa iddoo aarsaa sanaa irraa gaanfonni ol baʼan afur jiru turan.+ 16 Bakki ibiddaa iddoo aarsaa sanaa rogarfee kan ture yeroo taʼu, dheerinni isaa dhundhuma 12, dalgi isaas dhundhuma 12 ture.+ 17 Baattuun isatti marsee jiru kallattii arfaniin iyyuu dheerinni isaa dhundhuma 14, dalgi isaas dhundhuma 14 ture; ittisni isatti marsee jirus dhundhuma walakkaa ture; buʼuurri isaas kallattii hundumaatiin iyyuu dhundhuma tokko ture.

“Kortoowwan isaas kallattii bahaatti garagalanii jiru turan.”

18 Achiis inni akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Aarsaawwan guutummaatti gubaman akka isa irratti dhihaatanii fi dhiigni akka isa irratti facaafamuuf, iddoon aarsaa yommuu tolfamu qajeelfamni hordofamuu qabu kana dha.’+

19 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Horii keessaa jibicha tokko fuudhiitii aarsaa cubbuu akka taʼuuf,+ sanyii Saadoq+ keessaa Leewwota Luboota taʼanii fi na tajaajiluuf na duratti dhihaataniif kenni. 20 Iddoo aarsaa kana cubbuu irraa qulqulleessuu fi araara isaaf argamsiisuuf, dhiiga isaa irraa muraasa isaa fuudhiitii gaanfota isaa arfan, goleewwan baattuuwwan isatti marsanii jiran sanaa arfan, akkasumas ittisa itti marsee jiru dibi.+ 21 Achiis jibicha aarsaa cubbuutiif dhihaatu sana fuudhiitii bakka isaaf ramadametti, iddoo qulqulluudhaa alatti gubi.+ 22 Guyyaa lammaffaatti korbeessa reʼee mudaa hin qabne aarsaa cubbuu gootee ni dhiheessita; luboonnis akkuma jibicha sanaan iddoo aarsaa sana cubbuu irraa qulqulleessanitti, kanaanis iddoo aarsaa sana cubbuu irraa ni qulqulleessu.’

23 “‘Cubbuu irraa isa qulqulleessitee erga xumurtee booda horii keessaa jibicha mudaa hin qabne tokko, bushaayee keessaas korbeessa hoolaa mudaa hin qabne tokko ni dhiheessita. 24 Ati Yihowaadhaaf isaan ni dhiheessita; luboonnis soogidda irratti firfirsanii+ aarsaa guutummaatti gubamu godhanii Yihowaadhaaf ni dhiheessu. 25 Guyyaa torbaaf guyyaa guyyaadhaan aarsaa cubbuudhaaf dhihaatu gootee korbeessa reʼee tokko, horii keessaa jibicha tokko, bushaayee keessaas korbeessa hoolaa tokko ni dhiheessita;+ horiiwwan ati dhiheessitu mudaa kan hin qabne taʼuu qabu. 26 Isaan guyyaa torbaaf iddoo aarsaa sanaaf araara ni argamsiisu; akkasumas iddoo aarsaa sana qulqulleessuu fi hojiidhaaf qopheessuu qabu. 27 Guyyoonni sun yommuu xumuraman, jechuunis guyyaa saddeettaffaattii+ fi sana booda, luboonni aarsaawwan keessan warra guutummaatti gubamanii fi aarsaawwan gamtaa keessan* iddoo aarsaa sana irratti ni dhiheessu; anis isinitti nan gammada’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

44 Innis karaa karra iddoo qulqulluu isa alaa isa gara bahaatti garagalee jiruun deebisee na fide;+ karrichis cufamee ture.+ 2 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Karri kun akkuma cufametti tura. Hin banamu, namni kam iyyuus ittiin ol hin seenu; Yihowaan Waaqni Israaʼel waan ittiin ol seeneef+ akkuma cufametti turuu qaba. 3 Haa taʼu malee, geggeessaan sun Yihowaa duratti daabboo nyaachuuf achi keessa ni taaʼa;+ sababiin isaas, inni geggeessaa dha. Inni karaa barandaa karrichaa ni seena, achiinis ni baʼa.”+

4 Achiis karaa karra isa kaabaatiin gara fuuldura mana qulqullummaatti na fide. Yommuun ilaalus ulfinni Yihowaa mana qulqullummaa Yihowaa guutee nan arge.+ Yeroo kanatti fuula kootiin lafatti nan gombifame.+ 5 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, dambiiwwanii fi seerawwan mana qulqullummaa Yihowaa ilaalchisee wantan sitti himu hundumaatiif xiyyeeffannaa kenni, akka gaariitti ilaali, of eeggannoodhaanis dhaggeeffadhu. Karaa gara mana qulqullummaatti ittiin seenamuuf, akkasumas karaa iddoo qulqulluu keessaa ittiin baʼamu hundumaatiif xiyyeeffannaa kenni.+ 6 Mana Israaʼel warra finciltoota taʼaniin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa mana Israaʼel, gochi jibbisiisaan isin raawwattan isin gaʼa. 7 Isin yommuu namoota biyya ormaa warra garaa isaanii fi foon isaanii dhaqna hin qabanne gara iddoo qulqulluu kootti fiddanitti isaan mana qulqullummaa koo ni xureessu. Kakuun koo gochawwan keessan warra jibbisiisoo taʼan hundumaatiin kan kaʼe cabee utuu jiruu, isin daabboo, coomaa fi dhiiga anaaf ni dhiheessitu. 8 Isin wantoota qulqulluu koo ilaalchisee itti gaafatamummaa qabdan hin raawwanne.+ Kanaa mannaa, hojiiwwan iddoo qulqulluu koo keessatti raawwataman akka hojjetaniif namoota kan biroo ni ramaddan.”’

9 “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Namni biyya ormaa Israaʼel keessa jiraatuu fi garaa isaa fi foon isaa dhaqna hin qabanne gara iddoo qulqulluu kootti hin seenin.”’

10 “‘Haa taʼu malee, Leewwonni warri yommuu Israaʼelonni waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo* taʼan duukaa buʼuuf na irraa fagaatanii turanitti na irraa fagaatan+ sun miidhaa balleessaa isaaniitiin kan kaʼe dhufu ni baatu. 11 Isaan karrawwan mana qulqullummaa ol aantummaadhaan toʼachuu+ fi mana qulqullummaa koo keessatti tajaajiluuf, iddoo qulqulluu koo keessatti tajaajiltoota ni taʼu. Horii aarsaa guutummaatti gubamuu fi horii aarsaa sabichaa ni qalu; isaan tajaajiluufis sabicha dura ni dhaabbatu. 12 Isaan waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼan duratti sabicha waan tajaajilaniif, akkasumas gufuu mana Israaʼel cubbuutti kuffisu waan taʼaniif,+ ani kakaadhaan harka koo isaan irratti kaaseera; isaanis miidhaa balleessaa isaaniitiin kan kaʼe dhufu ni baatu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 13 ‘Isaan luboota koo taʼanii tajaajiluuf gara kootti hin dhihaatan; wantoota qulqulluu fi hundumaa caalaa qulqulluu taʼanittis hin dhihaatan; wantoota jibbisiisoo raawwataniin kan kaʼes qaanii isaanii ni baatu. 14 Haa taʼu malee, tajaajila achi keessatti raawwatamuu fi wanta achi keessatti hojjetamu hundumaa akka toʼataniif, itti gaafatamummaa mana qulqullummaa wajjin wal qabatu akka raawwatan nan godha.’+

15 “‘Leewwonni luboota taʼan, jechuunis ilmaan Saadoq+ warri yeroo Israaʼelonni na irraa fagaatanii turanitti+ itti gaafatamummaa iddoo qulqulluu koo irratti qaban raawwachaa turan garuu na tajaajiluuf na duratti ni dhihaatu; coomaa+ fi dhiiga+ naaf dhiheessuufis na dura ni dhaabbatu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 16 ‘Isaan iddoo qulqulluu kootti ni seenu, na tajaajiluuf gara maaddii kootti ni dhihaatu,+ itti gaafatamummaa na duratti qabanis ni raawwatu.+

17 “‘Isaan yommuu gara karrawwan mooraa isa keessaatti seenan uffata quncee talbaa irraa tolfame uffachuu qabu.+ Yommuu karrawwan mooraa isa keessaa keessatti yookiin iddoowwan achi keessatti argamanitti tajaajilan uffata rifeensa hoolaa irraa tolfame akkamii iyyuu uffachuu hin qaban. 18 Mataa isaaniitti marata mataa quncee talbaa irraa tolfame haa hidhatan; qumxaa quncee talbaa irraa tolfames haa uffatan.+ Uffata isaan dafqisiisu akkamii iyyuu uffachuu hin qaban. 19 Gara mooraa isa alaatti, jechuunis mooraa isa sabichi keessa jirutti baʼuu isaanii dura uffata ittiin tajaajilaa turan sana of irraa baasanii+ kutaawwan nyaataa warra qulqulluu taʼan* keessa kaaʼuu qabu.+ Achiis uffata isaaniitiin gara sabichaatti qulqullummaa akka hin dabarsineef* uffata kan biraa haa uffatan. 20 Mataa isaanii haaddachuus+ taʼe rifeensi mataa isaanii akka dheeratu gochuu hin qaban. Rifeensa mataa isaanii gabaabsanii haa muratan. 21 Luboonni yommuu gara mooraa isa keessaatti seenanitti daadhii wayinii dhuguu hin qaban.+ 22 Dubartii abbaan manaa irraa du’e yookiin dubartii abbaa manaa ishii wajjin wal hiikte fuudhuu hin qaban;+ taʼus durba sanyii Israaʼel taate yookiin dubartii haadha manaa lubaa turtee fi abbaan manaa irraa duʼe fuudhuu ni dandaʼu.’+

23 “‘Isaan garaa garummaa wanta qulqulluu taʼee fi wanta kan biraa gidduu jiru saba koo haa barsiisan; garaa garummaa wanta xuraaʼaa taʼee fi wanta qulqulluu taʼe gidduu jirus isaan ni barsiisu.+ 24 Isaan dhimma seeraa irratti abbootii murtii taʼanii haa tajaajilan;+ murtii kan kennanis karaa heerawwan koo wajjin wal simuun taʼuu qaba.+ Ayyaanota koo hundumaa wajjin haala wal qabateen seerawwan koo fi dambiiwwan koo haa eegan,+ sanbatawwan koos haa qulqulleessan. 25 Reeffa namaa kamitti iyyuu dhihaachuu hin qaban; taʼuu baannaan, ni xuraaʼu. Haa taʼu malee, abbaa isaaniitiif, haadha isaaniitiif, ilma isaaniitiif, intala isaaniitiif, obboleessa isaaniitiif yookiin obboleettii isaanii ishii hin heerumneef of xureessuu ni dandaʼu.+ 26 Lubni tokko erga of qulqulleessee booda, isaan guyyaa sana irraa jalqabanii guyyoota torba isaaf haa lakkaaʼan. 27 Inni achi keessatti tajaajiluuf guyyaa gara iddoo qulqulluutti, gara mooraa isa keessaatti itti seenutti aarsaa cubbuu isaa dhiheessuu qaba’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

28 “‘Kun dhaala isaanii ni taʼa: Ani dhaala isaanii ti.+ Ani dhaala isaanii waanan taʼeef, Israaʼel keessatti dhaala akkamii iyyuu isaaniif hin kenninaa. 29 Isaan aarsaa midhaanii,+ aarsaa cubbuu fi aarsaa yakkaa+ ni nyaatu; Israaʼel keessatti wanti adda baafame kam iyyuu kan isaanii ni taʼa.+ 30 Firii jalqabaa hundumaa keessaa, akkasumas buusii keessan hundumaa keessaa inni filatamaan kan lubootaa ni taʼa.+ Oomisha keessan isa jalqabaa keessaa daakuu isa jalqabaa lubichaaf kennaa.+ Kun maatii keessaniif eebba argamsiisa.+ 31 Luboonni simbirroo yookiin horii duʼee argame yookiin bineensi ciccire akkamii iyyuu nyaachuu hin qaban.’+

45 “‘Yommuu biyyattii dhaala gootanii hihirtanitti+ biyyattii keessaa gaʼee qulqulluu taʼe tokko Yihowaadhaaf buusii godhaa kennaa.+ Innis dheerinni isaa dhundhuma* 25,000, dalgi isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼuu qaba.+ Guutummaan iddoo sanaa* qooda qulqulluu ni taʼa. 2 Iddoo kana keessas qoodni iddoo qulqulluu rogarfee taʼee fi dheerinni isaa dhundhuma 500, dalgi isaas dhundhuma 500* taʼe tokko ni jiraata;+ innis kallattii hundumaatiin iddoo dheedichaa dhundhuma 50 balʼatu qabaata.+ 3 Kana keessaa iddoo dheerinni isaa dhundhuma 25,000, dalgi isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼe ni safarta; isa keessas iddoon qulqulluun, jechuunis iddoon hundumaa caalaa qulqulluu taʼe ni jiraata. 4 Kunis biyyattii keessaa luboota tajaajiltoota iddoo qulqulluu taʼanii fi Yihowaa tajaajiluuf dhihaatan+ sanaaf qooda qulqulluu ni taʼa.+ Iddoon kun mana isaaniitiif, akkasumas iddoo qulqulluu mana qulqullummaa sanaaf ni taʼa.

5 “‘Leewwonni warri tajaajiltoota mana qulqullummaa taʼan iddoon dheerinni isaa dhundhuma 25,000, dalgi isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼe gaʼee isaanii ni taʼa;+ kutaawwan nyaataa*+ 20s dhaalaan ni argatu.

6 “‘Iddoo dheerinni isaa dhundhuma 25,000 (dheerinni isaa kan buusii qulqulluu wajjin wal qixa taʼe), dalgi isaa immoo dhundhuma 5,000 taʼe magaalattiidhaaf dhaala godhaa kennaa.+ Innis kan guutummaa mana Israaʼel ni taʼa.

7 “‘Geggeessaan sunis buusii qulqulluu irraa, akkasumas bakka magaalattiidhaaf ramadame irraa garanaa fi garasiin lafa ni qabaata. Innis bakka buusii qulqulluutti aansee jiruu fi qabeenya magaalattii ni taʼa. Inni kallattii dhihaattii fi kallattii bahaatti kan argamu ni taʼa. Dheerinni isaa daangaa isa dhihaa irraa hamma daangaa isa bahaatti gaʼee gosa tokkoof kennamee wajjin qixxee ni taʼa.+ 8 Lafti kun Israaʼel keessatti dhaala isaa ni taʼa. Geggeessitoonni koo kana booda saba koo hin cunqursan;+ kanaa mannaa, akka gosa gosa isaaniitti mana Israaʼeliif lafattii ni kennu.’+

9 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Yaa geggeessitoota Israaʼel, isin keessa baataniittu!’

“‘Hammina keessanii fi hacuuccaa keessan dhiisaa; wanta haqaa fi qajeelaa taʼes raawwadhaa.+ Qabeenya saba kootii saamuu dhiisaa’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 10 ‘Madaallii sirrii taʼetti, safartuu eefaa* sirrii taʼettii fi safartuu baatii* sirrii taʼetti fayyadamaa.+ 11 Safartuu eefaatiifis taʼe safartuu baatiitiif safartuun dhaabbataa taʼe jiraachuu qaba. Safartuun baatii tokko safartuu homeerii* tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko kan qabatu, safartuun eefaa tokkos safartuu homeerii tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko kan qabatu taʼuu qaba. Safartuun tokko hammi isaa homeeriidhaan murteeffama. 12 Sheeqiliin*+ tokko geeraa* 20 taʼuu qaba. Sheeqilii 20 idaʼuu sheeqilii 25 idaʼuu sheeqilii 15 maanee* tokko isiniif ni taʼa.’

13 “‘Buusin isin kennitan kana dha: tokkoon tokkoon qamadii homeerii keessaa eefaa tokko keessaa harka jaʼa keessaa harka tokko, tokkoon tokkoon garbuu homeerii keessaa eefaa tokko keessaa harka jaʼa keessaa harka tokko. 14 Gaʼeen zayitii safartuu baatii irratti kan hundaaʼe haa taʼu. Safartuun baatii tokko safartuu qorosii* tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko dha; baatiin kudhan homeerii tokkoo wajjin wal qixa waan taʼeef, baatiin kudhan homeerii tokko dha. 15 Bushaayee Israaʼel keessaa hoolota 200 keessaa hoolaan tokko kennamuu qaba. Kunis sabichaaf araara akka argamsiisuuf+ aarsaa midhaanii,+ aarsaa guutummaatti gubamuu+ fi aarsaa gamtaa+ taʼee dhihaata’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

16 “‘Namoonni biyyattii hundi Israaʼel keessatti geggeessaa sanaaf buusii kana ni kennu.+ 17 Haa taʼu malee, geggeessaan sun, aarsaawwan guutummaatti gubaman,+ aarsaa midhaanii+ fi aarsaa dhugaatii warra guyyoota ayyaanaatti,+ guyyoota baatii haaraatti, guyyoota Sanbataattii+ fi guyyoota ayyaanaa mana Israaʼeliif ramadaman hundumaatti dhihaatan irratti itti gaafatamummaa qabaata.+ Mana Israaʼeliif araara argamsiisuuf, aarsaa cubbuu, aarsaa midhaanii, aarsaa guutummaatti gubamuu fi aarsaawwan gamtaa kan qopheessu isa dha.’

18 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Jiʼa jalqabaatti, jiʼicha keessaas guyyaa isa jalqabaatti horii kee keessaa jibicha mudaa hin qabne tokko fuudhiitii iddoo qulqulluu sana cubbuu irraa qulqulleessi.+ 19 Lubichis dhiiga horii aarsaa cubbuutiif dhihaate sanaa irraa muraasa isaa fuudhee maqaanii mana qulqullummaa,+ goleewwan baattuuwwan iddoo aarsaatti marsanii jiran sana arfanii fi maqaanii karra mooraa isa keessaa irratti ni diba. 20 Jiʼicha keessaa guyyaa torbaffaatti nama dogoggoraan yookiin wallaalummaadhaan cubbuu hojjete kamiif iyyuu kana ni goota;+ mana qulqullummaa sanaafis araara ni argamsiistu.+

21 “‘Jiʼa tokkoffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 14ffaatti, ayyaana Faasikaa ni kabajju.+ Guyyaa torbaaf maxinoon ni nyaatama.+ 22 Guyyaa sanatti geggeessaan sun ofii isaa fi namoota biyyattii hundumaatiif aarsaa cubbuutiif jibicha tokko ni qopheessa.+ 23 Guyyoota ayyaanaa torban sanaaf guyyaa guyyaadhaan jiboota mudaa hin qabne torbaa fi korbeeyyii hoolaa mudaa hin qabne torba aarsaa guutummaatti gubamu godhee Yihowaadhaaf ni dhiheessa;+ akkasumas guyyaa guyyaadhaan korbeessa reʼee tokko tokko aarsaa cubbuu godhee ni dhiheessa. 24 Kana malees, inni aarsaa midhaanii tokkoon tokkoon jibicha sanaatiif safartuu eefaa tokko tokko, tokkoon tokkoon korbeessa hoolaa sanaatiifis safartuu eefaa tokko tokko, akkasumas tokkoon tokkoon safartuu eefaa sanaatiif zayitii hiinii* tokko tokko ni dhiheessa.

25 “‘Jiʼa torbaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 15ffaa irraa jalqabee yeroo ayyaanaa sanatti,+ guyyoota torban sanaaf, aarsaa cubbuu, aarsaa guutummaatti gubamu, aarsaa midhaanii fi zayitii isa duraa wajjin wal fakkaatu haa dhiheessu.’”

46 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Karri mooraa isa keessaa+ inni gara kallattii bahaatti garagalee jiru guyyoota hojii jaʼaaf+ akkuma cufametti turuu qaba;+ haa taʼu malee, guyyaa Sanbataattii fi guyyaa baatii haaraatti banamuu qaba. 2 Geggeessaan sunis karaa barandaa karrichaatiin alaa gara keessaatti seenee+ maqaanii karrichaa bira ni dhaabbata. Luboonnis aarsaa isaa isa guutummaatti gubamuu fi aarsaawwan gamtaa isaa ni dhiheessu; innis gubanii karrichaa biratti sagadee gad ni baʼa. Haa taʼu malee, karrichi hamma galgalaatti cufamuu hin qabu. 3 Namoonni biyyattiis guyyoota Sanbataattii fi guyyoota baatii haaraatti+ balbala karrichaa biratti Yihowaa duratti ni sagadu.

4 “‘Aarsaan guutummaatti gubamu inni geggeessaan sun guyyaa Sanbataatti Yihowaadhaaf dhiheessu, hoolota xobbaallaa kormaa mudaa hin qabne jaʼaa fi korbeessa hoolaa mudaa hin qabne tokko taʼuu qaba.+ 5 Korbeessa hoolaa sanaaf aarsaa midhaanii safartuu eefaa* tokko, hoolota xobbaallaa sanaaf immoo hamma namni sun kennuu dandaʼu, akkasumas tokkoon tokkoon safartuu eefaatiif zayitii hiinii* tokko tokko haa qopheessu.+ 6 Guyyaa baatii haaraatti aarsaan dhihaatu horii keessaa jibicha mudaa hin qabne tokko, hoolota xobbaallaa kormaa jaʼaa fi korbeessa hoolaa tokko taʼuu qaba; horiiwwan kun mudaa kan hin qabne taʼuu qabu.+ 7 Inni jibicha sanaaf aarsaa midhaanii safartuu eefaa tokko, korbeessa hoolaa sanaaf safartuu eefaa tokko, hoolota xobbaallaa kormaa sanaaf immoo hamma kennuu dandaʼu haa qopheessu. Tokkoon tokkoon safartuu eefaatiif zayitii hiinii tokko tokko haa qopheessu.

8 “‘Geggeessaan sun yommuu ol seenu karaa barandaa karrichaatiin ol haa seenu, karuma sanaanis gad haa baʼu.+ 9 Namoonni biyyattii yommuu guyyoota ayyaanaatti Yihowaa duratti dhihaatanitti,+ warri waaqeffannaadhaaf karra isa kaabaatiin seenan+ karra isa kibbaatiin gad haa baʼan;+ warri karra isa kibbaatiin seenan immoo karra isa kaabaatiin gad haa baʼan. Namni kam iyyuu karra ittiin ol seeneen gad hin baʼin; sababiin isaas, isaan karra fuuldura isaanii jiruun gad baʼuu qabu. 10 Geggeessaan isaan gidduutti argamu garuu, yommuu isaan ol seenanitti ol haa seenu, yommuu isaan gad baʼanittis gad haa baʼu. 11 Guyyoota ayyaanaattii fi waqtiilee ayyaanaatti jibicha sanaaf aarsaa midhaanii safartuu eefaa tokko, korbeessa hoolaa sanaaf aarsaa midhaanii safartuu eefaa tokko, hoolota xobbaallaa sanaaf immoo hamma namni sun kennuu dandaʼu, akkasumas tokkoon tokkoon safartuu eefaatiif zayitii hiinii tokko tokko haa qopheessu.+

12 “‘Geggeessaan sun aarsaa guutummaatti gubamu+ yookiin aarsaawwan gamtaa aarsaa Yihowaadhaaf fedhiidhaan dhihaatu godhee yoo qopheesse, karri kallattii bahaatti garagalee jiru isaaf ni banama; innis akkuma guyyaa Sanbataatti godhutti aarsaa isaa isa guutummaatti gubamuu fi aarsaawwan gamtaa isaa ni qopheessa.+ Inni erga gad baʼee booda karrichi isa duubaan cufamuu qaba.+

13 “‘Ati aarsaa Yihowaadhaaf guutummaatti gubamu akka taʼuuf guyyaa guyyaadhaan xobbaallaa hoolaa kormaa mudaa hin qabnee fi gara waggaa tokkoo taʼe tokko qopheessi.+ Yeroo hundumaa ganama ganama akkana godhi. 14 Kanaa wajjinis yeroo hundumaa ganama ganama aarsaa midhaanii eefaa tokko keessaa harka jaʼa keessaa harka tokko, daakuu bullaaʼaa aarsaa midhaanii taʼee Yihowaadhaaf dhihaatu irratti akka facaafamuuf immoo zayitii hiinii tokko keessaa harka sadii keessaa harka tokko qopheessi. Kun dambii dhaabbataa taʼe dha. 15 Isaan aarsaa guutummaatti gubamuu fi yeroo hundumaa dhihaatuuf, yeroo hunda ganama ganama xobbaallaa hoolaa kormaa, aarsaa midhaanii fi zayitii sana qopheessuu qabu.’

16 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Geggeessaan sun kennaa tokko ilmaan isaa hundumaatiif dhaala godhee yoo kenne, kennaan sun qabeenya ilmaan isaa ni taʼa. Inni qabeenya isaanii isa dhaalaan argatani dha. 17 Haa taʼu malee, inni dhaala isaa irraa tajaajiltoota isaa keessaa isa tokkoof kennaa yoo kenne hamma waggaa itti bilisa baʼamutti kan tajaajilaa isaa ni taʼa;+ sana booda garuu geggeessaa sanaaf ni deebiʼa. Kan isaanii taʼee kan itti fufu dhaala ilmaan isaa qofa dha. 18 Geggeessaan sun qabeenya isaanii irraa humnaan isaan ariʼuudhaan dhaala sabichaa keessaa isa kam iyyuu fudhachuu hin qabu. Saba koo gidduudhaa eenyu iyyuu qabeenya isaa irraa akka hin buqqaaneef, inni qabeenya ofii isaa irraa ilmaan isaatiif dhaala kennuu qaba.’”

19 Sana booda inni balbala isa karricha bira jiruun ol na seensise;+ karri sun gara kutaawwan nyaataa* lubootaa warra qulqulluu taʼanii fi kallattii kaabaatti garagalanii jiranitti kan geessu ture;+ achittis kallattii dhihaatiin iddoo duubaan jiru tokko nan arge. 20 Innis akkana naan jedhe: “Luboonni wanta akkamii iyyuu gara mooraa isa alaatti akka gad hin baasnee fi sabichatti qulqullummaa akka hin dabarsineef,*+ aarsaa yakkaa fi aarsaa cubbuu kan affeelan, akkasumas aarsaa midhaanii+ kan tolchan iddoo kanatti dha.”

21 Gara mooraa isa alaatti gad na baasee goleewwan mooraa sanaa arfan bira akkan darbu godhe; anis achitti tokkoon tokkoon goleewwan mooraa isa alaa biratti mooraa tokko tokko nan arge. 22 Goleewwan mooraa sanaa arfan biratti mooraawwan xixxinnoon dheerinni isaanii dhundhuma* 40, dalgi isaanii immoo dhundhuma 30 taʼe jiru turan. Arfan isaanii iyyuu wal qixa turan.* 23 Arfan isaanii irra iyyuu baattuuwwan* itti marsanii argaman jiru turan; baattuuwwan sana jalas iddoowwan foon aarsaa taʼu affeeluuf ijaaraman jiru turan. 24 Achiis inni, “Kanneen kun manneen tajaajiltoonni mana qulqullummaa aarsaa sabichaa itti affeelani+ dha” naan jedhe.

47 Achiis inni gara balbala mana qulqullummaatti+ na deebise; anis achitti gubanii balbala mana qulqullummaa jalaa bishaan gara bahaatti yommuu yaaʼu nan arge;+ fuuldurri mana qulqullummaa sanaa gara bahaatti kan garagale ture. Bishaanichi kallattii mirgaa mana qulqullummaa jalaa baʼee iddoo aarsaa irraa kallattii kibbaatiin gad yaaʼa ture.

2 Sana booda inni karaa karra isa kaabaatiin+ gara alaatti gad na baasee naannessee gara karra isa alaa isa gara bahaatti garagalee jirutti+ na geesse; anis gara mirgaatiin bishaan suuta yaaʼu nan arge.

3 Namichi sun wadaroo safaraa harkatti qabatee+ gara bahaatti gad baʼuudhaan dhundhuma* 1,000 ni safare; achiis bishaanicha keessa akkan darbu godhe; bishaanichis gulubii* bira gaʼa ture.

4 Sana booda ammas dhundhuma 1,000 safaree bishaanicha keessa akkan darbu godhe; bishaanichis jilba bira gaʼa ture.

Ammas dhundhuma 1,000 safaree bishaanicha keessa akkan darbu godhe; bishaanichis mudhii bira gaʼa ture.

5 Ammas inni dhundhuma 1,000 ni safare; innis laga ani miilaan ceʼuu hin dandeenye ture; sababiin isaas, bishaanichi baayʼee gad fagoo taʼuu isaatiin kan kaʼe, laga namni tokko yoo daake malee miilaan keessa ceʼuu hin dandeenye taʼee ture.

6 Innis, “Yaa ilma namaa, kana argiteettaa?” naan jedhe.

Achiis miilaan deemee gara qarqara lagichaatti akkan deebiʼu godhe. 7 Yommuun deebiʼus qarqara lagichaa biratti garanaa fi garasiin mukeetii baayʼee hedduu taʼan nan arge.+ 8 Innis akkana naan jedhe: “Bishaan kun gara naannoo bahaatti yaaʼa; achiis Arabaa*+ keessa gad buʼuudhaan gara galaanichaatti seena. Yommuu gara galaanichaatti seenus+ bishaan achi keessa jiru ni fayya. 9 Bakka bishaanonni sun* itti yaaʼan hundumaatti uumamawwan jiraatoon* hedduun jiraachuu ni dandaʼu. Bishaan kun gara achiitti waan yaaʼuuf, qurxummiin baayʼinaan ni argama. Bishaanichi ni fayyifama; iddoo lagichi itti yaaʼu hundumaa keessa wanti jiru hundis lubbuudhaan ni jiraata.

10 “Een Gedii+ irraa jalqabee hamma Een Eglaayimitti namoonni qurxummii kiyyeessan isa bira ni dhaabbatu; bakki saaphana qurxummii afanii itti gogsan achi jira. Akaakuuwwan qurxummii hedduun akka qurxummii Galaana Guddaa*+ taʼanis achitti ni argamu.

11 “Iddoowwan caffee fi dhaqdhaqii taʼanis achitti ni argamu; isaan hin fayyifaman. Isaan iddoo soogiddaa taʼanii hafu.+

12 “Akaakuuwwan mukeetii nyaataaf taʼanii hundi qarqara laga sanaatti garanaa fi garasiin ni biqilu. Baalli isaanii hin coolligu, firii kennuus hin dhiisan. Bishaan iddoo qulqulluu sana keessaa waan isaaniif yaaʼuuf,+ isaan jiʼa jiʼaan firii haaraa ni godhatu. Firiin isaanii nyaataaf, baalli isaanii immoo qorichaaf ni tajaajila.”+

13 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Naannoon isin akka dhaalaatti gosoota Israaʼel 12niif ramaddan isa kana; Yoseef immoo gaʼee lama ni argata.+ 14 Isin isa ni dhaaltu; qooda wal qixa taʼes ni argattu.* Ani lafa kana abbootii keessaniif akkan kennu kakadheen ture;+ kunoo, amma immoo akka dhaalaatti isiniif ramadameera.*

15 “Kallattii kaabaatiin daangaan biyyattii isa kana: Galaana Guddaa irraa kaʼee daandii Hetloonitti+ geessu irra darbee gara Zedaaditti,+ 16 Hamaatitti,+ Beerotaatittii+ fi Sibraayim ishii naannoo Damaasqoo fi naannoo Hamaat gidduutti argamtuutti, achiis gara Hazeer Hatikoon ishii daangaa Hawuraan+ irratti argamtuutti qajeela. 17 Akka kanaan daangaan kun galaanicha irraa kaʼee, kallattii kaabaa daangaa Damaasqoo fi daangaa Hamaat+ bira darbuudhaan gara Hazaar Enoonitti+ qajeela. Kun daangaa isa kaabaa ti.

18 “Kallattiin inni bahaa immoo Hawuraanii fi Damaasqoo gidduu, akkasumas Yordaanos isa Giiliyaadii+ fi biyya Israaʼel gidduutti argamu bira darba. Isin daangaa sana irraa jalqabee hamma galaana isa bahaatti* safaraa. Kun daangaa isa bahaa ti.

19 “Daangaan inni kibbaa* Taamaar irraa kaʼee gara bishaanota Maribaat Qaadeshitti,+ achiis gara Laga Gogaa* fi gara Galaana Guddaatti+ qajeela. Kun daangaa isa kibbaa ti.*

20 “Kallattii dhihaatiin Galaanni Guddaan kan jiru yeroo taʼu, innis daangaa sana irraa kaʼee hamma iddoo Lebo Hamaat*+ fuullee jiruutti qajeela. Kun daangaa isa dhihaa ti.”

21 “Biyya kana ofiif, jechuunis gosoota Israaʼel 12niif hiradhaa. 22 Biyya kana ofiif, akkasumas namoota biyya ormaa isinii wajjin jiraatanii fi yeroo isin gidduu jirachaa turanitti ijoollee godhataniif hiraa; isaan isin biratti akkuma lammii Israaʼelitti ilaalamu. Isaan isinii wajjin gosoota Israaʼel gidduutti dhaala argatu. 23 Nama biyya ormaatiif naannoo gosa inni gidduu jiraachaa jiru keessatti dhaala isaaf kennaa” jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

48 “Daangaa kaabaa irraa jalqabee maqaan gosootaa isa kana: Gaʼeen Daan+ daandii gara Hetloonitti geessu irraan gara Lebo Hamaat,*+ gara Hazaar Enaanitti kan qajeelu yeroo taʼu, daangaa Damaasqoo irraa kallattii kaabaatiin Hamaat+ biratti argama; daangaa isa bahaa irraa kaʼees daangaa isa dhihaa bira gaʼa. 2 Gaʼeen Asheer+ daangaa Daan biratti kan argamu yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa. 3 Gaʼeen Niftaalem+ daangaa Asheer biratti kan argamu yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa. 4 Gaʼeen Minaasee+ daangaa Niftaalem biratti kan argamu yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa. 5 Gaʼeen Efreem daangaa Minaasee biratti kan argamu+ yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa. 6 Gaʼeen Ruuben daangaa Efreem biratti kan argamu+ yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa. 7 Gaʼeen Yihudaa daangaa Ruuben biratti kan argamu+ yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa. 8 Daangaa Yihudaa biratti, daangaa isa bahaa irraa kaʼee hamma daangaa isa dhihaatti buusiin isin adda baastan, dalgi isaa dhundhuma* 25,000 haa taʼu;+ dheerinni isaa immoo gaʼee gosoota kaaniif daangaa isa bahaa irraa kaʼee hamma daangaa isa dhihaatti kennamuu wajjin wal qixa haa taʼu. Iddoon qulqulluun gidduu isaa ni taʼa.

9 “Buusiin isin Yihowaadhaaf adda baastan dheerinni isaa dhundhuma 25,000, dalgi isaa immoo dhundhuma 10,000 haa taʼu. 10 Kun buusii qulqulluu lubootaaf kennamu ni taʼa.+ Innis kallattii kaabaatiin dhundhuma 25,000, kallattii dhihaatiin dhundhuma 10,000, kallattii bahaatiin dhundhuma 10,000, akkasumas kallattii kibbaatiin dhundhuma 25,000 ni taʼa. Iddoon qulqulluun inni kan Yihowaa taʼe immoo gidduu isaa ni taʼa. 11 Inni ilmaan Saadoq+ keessaa luboota warra qulqulleeffamaniif ni taʼa; isaan itti gaafatamummaa na tajaajiluuf qaban kan raawwatan yeroo taʼu, yeroo Israaʼelonnii fi Leewwonni na irraa fagaatanii turanitti+ na irraa hin fagaanne. 12 Isaan daangaa Leewwotaa irratti buusii wanta hundumaa caalaa qulqulluu taʼuudhaan adda baafame irraa gaʼee tokko ni argatu.

13 “Leewwonni gaʼee naannoo lubootaatti aanee jiruu fi dheerinni isaa dhundhuma 25,000, dalgi isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼe ni argatu. (Iddoon kun walumaa galatti dheerinni isaa dhundhuma 25,000, dalgi isaa immoo dhundhuma 10,000 ni taʼa.) 14 Kun iddoo Yihowaadhaaf qulqulleeffame waan taʼeef, isaan gaʼee biyyattii keessatti filatamaa taʼe kana keessaa isa kam iyyuu gurguruu, jijjiiruu ykn nama kan biraatti dabarsuu hin qaban.

15 “Naannoon inni hafe, inni dalgi isaa dhundhuma 5,000 taʼee fi daangaa isa dhundhuma 25,000 taʼu biratti argamu magaalattii keessatti tajaajila kan biraatiif,+ jechuunis iddoo jireenyaa fi iddoo dheedichaatiif ni oola. Magaalattiin walakkaa isaatti ni argamti.+ 16 Safarri magaalattii kana dha: Daangaan inni kaabaa dhundhuma 4,500, daangaan inni kibbaa dhundhuma 4,500, daangaan inni bahaa dhundhuma 4,500, akkasumas daangaan inni dhihaa dhundhuma 4,500. 17 Iddoon dheedichaa magaalattii kallattii kaabaatiin dhundhuma 250, kallattii kibbaatiin dhundhuma 250, kallattii bahaatiin dhundhuma 250, akkasumas kallattii dhihaatiin dhundhuma 250 ni taʼa.

18 “Gaʼeen inni hafe dheerinni isaa kan buusii qulqulluu+ wajjin wal qixa yeroo taʼu, kallattii bahaatiin dhundhuma 10,000, kallattii dhihaatiinis dhundhuma 10,000 ni taʼa. Inni buusii qulqulluu wajjin wal qixa yeroo taʼu, oomishni isa irraa argamu warra magaalattii keessatti tajaajilaniif nyaata ni taʼa. 19 Gosoota Israaʼel hundumaa keessaa warri magaalattii tajaajilan isa ni qotu.+

20 “Buusiin sun guutummaan isaa kallattii arfaniin iyyuu dhundhuma 25,000 ni taʼa. Isinis iddoo kana buusii qulqulluu godhaatii qabeenya magaalattii wajjin adda baasaa.

21 “Wanti buusii qulqulluu sanaa fi qabeenya magaalattii irraa garanaa fi garasiin hafu kan geggeessaa sanaa ni taʼa.+ Innis daangaawwan dhundhuma 25,000 taʼanii fi buusicha irraa karaa bahaa fi karaa dhihaatti argaman biratti ni argama. Inni gaʼeewwan isatti aansanii jiranii wajjin wal qixa yeroo taʼu, kan geggeessaa sanaa ni taʼa. Buusii qulqulluunii fi iddoon qulqulluun mana qulqullummaa sun isa gidduu ni taʼa.

22 “Qabeenyi Leewwotaa fi qabeenyi magaalattii qabeenya geggeessaa sanaa gidduu ni taʼa. Naannoon geggeessaa sanaa daangaa Yihudaa+ fi daangaa Biiniyaam gidduu ni taʼa.

23 “Daangaan gosoota hafanii kana dha; gaʼeen Biiniyaam daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa.+ 24 Gaʼeen Simiʼoon daangaa Biiniyaam biratti kan argamu+ yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa. 25 Gaʼeen Yisaakor+ daangaa Simiʼoon biratti kan argamu yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa. 26 Gaʼeen Zaabiloon daangaa Yisaakor biratti kan argamu+ yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa.+ 27 Gaʼeen Gaad daangaa Zaabiloon biratti kan argamu+ yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa. 28 Daangaan inni kibbaa inni daangaa Gaad biratti argamu Taamaar+ irraa kaʼee gara bishaanota Maribaat Qaadeshitti,+ achiis gara Laga Gogaatti*+ erga deemee booda gara Galaana Guddaatti* qajeela.

29 “Lafti isin gosoota Israaʼeliif dhaala gootanii hihirtan isa kana dha;+ kanneen kun gaʼeewwan isaanii ni taʼu”+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

30 “Karaawwan magaalattii keessaa ittiin baʼan kanneen kana ni taʼu: Kallattii kaabaatiin dhundhuma 4,500 ni taʼa.+

31 Karrawwan magaalattii akka gosoota Israaʼelitti ni moggaafamu. Karrawwan kallattii kaabaatiin argaman sadan keessaa karri inni tokko Ruubeniif, karri inni tokko Yihudaadhaaf, karri inni tokko immoo Leewwiidhaaf ni taʼa.

32 Kallattii bahaatiin dheerinni isaa dhundhuma 4,500 yeroo taʼu, innis karrawwan sadii qaba; isaanis karri inni tokko Yoseefiif, karri inni tokko Biiniyaamiif, karri inni tokko immoo Daaniif ni taʼu.

33 Kallattii kibbaatiin dheerinni isaa dhundhuma 4,500 yeroo taʼu, innis karrawwan sadii qaba; isaanis karri inni tokko Simiʼooniif, karri inni tokko Yisaakoriif, karri inni tokko immoo Zaabilooniif ni taʼu.

34 Kallattii dhihaatiin dheerinni isaa dhundhuma 4,500 yeroo taʼu, innis karrawwan sadii qaba; isaanis karri inni tokko Gaadiif, karri inni tokko Asheeriif, karri inni tokko immoo Niftaalemiif ni taʼu.

35 “Naannoon isaa dhundhuma 18,000 ni taʼa. Guyyaa sana irraa jalqabees maqaan magaalaa sanaa Yihowaan Achi Jira kan jedhu ni taʼa.”+

“Waaqayyo ni Cimsa” jechuu dha.

Ykn., “bakakkaan.”

Makaa warqii fi meetii calaqqisu dha.

Jechuunis, goflaa.

Ykn., “mukukkula.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Geengoowwan kun wal qixa kan taʼan yeroo taʼu, inni tokko isa kan biraa kan qaxxaamuru fakkaata.

Kal., “Hafuurri uumama jiraataa sanaa.”

Ykn tarii, “dalga.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ibsi, “Ilma namaa” jedhu kitaaba Hisqiʼel keessatti siʼa 93 kan argamu yeroo taʼu, kun isa jalqabaa ti.

Ykn., “fuula jabaatanii.”

Ykn., “qaanjibbuu.”

Ykn tarii, “sabichi didaa fi akka wantoota si wawwaraananii.”

Kal., “wanta argattu nyaadhu.”

Kal., “Ilmaan.”

Kal., “hafuurri koo aaraa.”

Ykn., “dhiiga isaatiif garuu sin gaafadha.”

Ykn., “haqa yoo jalʼise.”

Ykn., “dhiiga isaatiif garuu sin gaafadha.”

Ykn., “aajjaa.”

Gara 230 g. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Gara 0.6 L. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “Lubbuun koo.”

Ykn., “xuraaʼaan.”

Kal., “ulee daabboo nan cabsa.” Tarii kun uleewwan daabboo kuusuuf oolan kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Kal., “ishiitti.”

Ykn., “qamisii.”

Kal., “bubbee hundumaatti.”

Ykn., “sin xiqqeessa.”

Ykn., “dhukkubaan.”

Kal., “bubbee hundumaatti.”

Kal., “ulee daabboo keessanii cabsuudhaan.” Tarii kun uleewwan daabboo kuusuuf oolan kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiifuuf itti hojjetameera.

Ykn., “baalagee taʼe; sagaagaltuu taʼe.”

Ykn., “addaggummaadhaan.”

Ykn., “urgaan isaanii nama gammachiisu.”

Kal., “dammaqa.”

Ykn tarii, “gonfoon abaaboo kee.”

Ykn tarii, “Gonfoon abaaboo kee.”

Jechuunis, badiisni hunduma isaanii irra waan gaʼuuf, warri miʼa bitanis taʼan warri miʼa gurguran buʼaa hin argatan.

Ykn tarii, “balleessaa isaatiinis.”

Ykn., “makoodii; andarii.”

Sodaadhaan kan kaʼe fincaan of irratti gadhiisuu isaanii argisiisa.

Kal., “haguugeera.”

Gadda irraa kan kaʼe mataan isaanii akka haadamu argisiisa.

Jechuunis, meetiin isaanii fi warqiin isaanii.

Jechuunis, miʼawwan isaanii warra warqii fi meetii irraa tolfaman.

Jechuunis, meetii isaanii fi warqii isaanii warra waaqolii tolfamoo tolchuuf oolan.

Kun iddoo qulqulluu Yihowaa keessaa kutaa isa gara keessaa kan argisiisu taʼuu hin oolu.

Jechuunis, funcaa boojuu.

Ykn., “barumsi.”

Ykn., “ni gadda.”

Makaa warqii fi meetii calaqqisu dha.

Ykn., “fakkiin.”

Ykn., “fakkiin.”

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Kun damee waaqeffannaa waaqa tolfamaadhaaf oolu kan argisiisu fakkaata.

Ykn., “miʼa.”

Kal., “innis.”

Kal., “Innis.”

Kal., “inni.”

Jechuunis, tokkoon tokkoon kiruubelotaa.

Kal., “uumama jiraataa.”

Kal., “hafuurri uumama jiraataa sanaa.”

Kal., “Kun uumama jiraataa.”

Kal., “Innis.”

Ykn., “irratti.”

Kal., “Ishiin,” jechuunis, magaalaa Yerusaalem bakka Yihudoonni eegumsa akka itti argatan yaadan.

Kal., “innis.”

Ykn., “wantoota hafuura keessan keessatti dhufan.”

Jechuunis, garaa dafee qajeelfama Waaqayyootiif ajajamu.

Ykn., “gowwoomsaa.”

Kal., “manni.”

Ykn., “garaa isaanii keessaa baasanii raajii dubbatan.”

Kal., “hafuura.”

Kun, girgiddaa isa keessaa isa humna hin qabne ijaaranii cimaa akka fakkaatuuf nooraa dibuu argisiisa.

Kal., “isin cabbiiwwan guguddaan ni buutu.”

Kun, wanta falfalaaf jecha ciqilee ykn harka irratti hidhamu argisiisa.

Ykn., “lubbuuwwan.”

Ykn., “lubbuuwwan.”

Ykn., “lubbuuwwan.”

Ykn., “dhukkubsatu.”

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Kal., “garaa isaanii keessatti mana Israaʼel nan qaba.”

Kal., “ulee daabboo ishii nan cabsa.” Tarii kun uleewwan daabboo kuusuuf oolan kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Ykn., “lubbuu.”

Ykn., “ijoollee malee akka hambisan.”

Ykn., “lubbuu.”

Ykn., “gochawwan murtii kootii warra miidhaa geessisan arfan.”

Ykn., “lubbuun kee.”

Ykn., “qamisii.”

Ykn., “gogaa tahaash.”

Ykn., “aangoo mootummaatiifis.”

Kal., “maqaan.”

Jechuunis, waaqolii tolfamoo dhiirota taʼanitti.

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Kal., “luka kee banuudhaan.”

Kal., “foon.”

Ykn., “lubbuu.”

Kal., “Kanaʼaanii.”

Ykn., “dadhabnaani.” Ykn tarii, “ani hammam sitti aarraani.”

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Magaalota ishii jalatti argaman kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Kal., “bitaa.”

Kal., “mirgaa.”

Ykn., “deggertee waan falmiteef.”

Kal., “Kanaʼaanotaatti.”

Mukti kun, muka damee dhedheeraa, akkasumas baala dhedheeraa fi qaqalʼoo taʼan qabu dha.

Jechuunis, Nebukadnezaar.

Jechuunis, Zedeeqiyaa.

Kal., “Harka isaa kennee.”

Kal., “bubbee hundumaatti.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “Namni.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Kal., “dhiiga dhangalaasu.”

Ykn., “nama.”

Kal., “hin yaadatamu.”

Ykn., “jalʼina.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “tolfadhaa.”

Ykn tarii, “maasii wayinii kee.”

Ykn., “uleewwan.”

Ykn., “uleewwan.”

Ykn., “murtii dabarsuuf.”

Kal., “harka koo ol nan kaase.”

Ykn., “basaasetti.”

Ykn., “faaya biyyoota hundumaa.”

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Jechuunis, Israaʼel.

Jechuunis, Israaʼel.

Jechuunis, Israaʼel.

Ykn., “faaya biyyoota hundumaa.”

Kal., “Ijji koo isaaniif ni gadde.”

Jechuunis, Israaʼel.

Kal., “ijji isaanii waan buʼeefi.”

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Ykn., “tajaajilan.”

Kal., “hafuura.”

Kal., “hidhaa kakuu sanaa keessa.”

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Kal., “fuula keessan.”

Ykn., “Namni.”

Ykn., “mammaaksa.”

Ykn., “namoota.”

Kal., “tafni kee hollachaa.”

Sodaadhaan kan kaʼe fincaan of irratti gadhiisuu isaanii argisiisa.

Jechuunis, goraadeen Yihowaa.

Ykn., “Uleen mootii.”

Kal., “harki.”

Kal., “Taraafiimii.”

Jechuunis, jiraattota Yerusaalem.

Kal., “harkaan.”

Kal., “morma warra ajjeefamanii.”

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Ykn., “warri jalaa duʼanii.”

Kal., “qullaa abbaa isaanii ni saaxilu.”

Ykn., “haraaxaa.”

Ykn., “lubbuu.”

Ykn., “lubbuus.”

“Dunkaana Ishii” jechuu dha.

“Dunkaanni Koo Ishii Keessa Jira” jechuu dha.

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Ykn., “saalqunnamtii seeraan ala taʼe.”

Ykn., “saalqunnamtii seeraan ala taʼeen.”

Ykn., “lubbuun ishii.”

Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.

Ykn., “lubbuun kee.”

Kal., “namoota waamaman.”

Gaachana xinnoo yeroo baayʼee warri xiyya darbatan qabatan.

Ykn., “lubbuun kee.”

Kal., “gara duuba keetti waan na gatteef.”

Jechuunis, ejja hafuuraa.

Kal., “maqaa guyyichaa.”

Ykn., “mammaaksa.”

Ykn., “qoma kee rurrukutuu.”

Ykn., “Hidhii kee isa olii.”

Kal., “nyaata namootaas.”

Ykn., “gara laafina lubbuu keessanii.”

Ykn., “lubbuu.”

Ykn., “buufatawwan dallaa dhagaa.”

Ykn., “lubbuun kee waan.”

Ykn., “lubbuutti qoosuudhaan.”

Kal., “Ijoolleen durbaa.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Kal., “namoota.”

Ykn., “goraadee.”

Kal., “ajjeefamanii.”

Ykn., “Geggeessitoonni.”

Ykn., “qoloo.”

Kal., “ni uwwifamu.”

Kal., “Ishiinis taate jiraattonni ishii.”

Ykn., “awwaalaatti.”

Ykn., “miidhagina.”

Kal., “maanguddoo taʼanii.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “suufii bifa booraa gara diimaa.”

Muka akaakuu qarafaa taʼe dha.

Ykn., “uffata foʼaa dhaʼame irraa tolfame.”

Ykn tarii, “ulfina qabeettiis taatee.”

Kal., “gumii.”

Ykn., “lubbuu hadhaaʼeen.”

Ykn., “awwaala.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Bakka kanattis taʼe armaan gaditti maqaan “Abbayyaa” jedhu lagichaa fi boʼoowwan jalʼisii isaa kan argisiisu dha.

Kal., “Tafni.”

Kal., “inni . . . jedheera.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Jechuunis, Xiiros.

Ykn., “mana Israaʼeliif jabina nan kenna.”

Ykn., “warra saboota kaan keessaa dhufan hundumaa.”

Tarii Israaʼelota warra Gibxii wajjin tokkummaa uumanii turan kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Ykn., “Memfiis.”

Jechuunis, Tebees.

Ykn., “Memfiisis.”

Jechuunis, Heliyopoolis.

Ykn., “Humna mootii Baabilon dabalee.”

Jechuunis, mootii Baabilon.

Muka dameen isaa babalʼatuu fi qolli isaa ofuma isaatiin ququncaʼu.

Kal., “Ati.”

Ykn., “awwaalaatti.”

Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “awwaalaatti.”

Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “irree.”

Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “lageen isaanii.”

Kal., “Yaaʼaawwan bishaaniis si irraa (siin) ni guutu.”

Ykn., “awwaalaatti.”

Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “awwaala.”

Ykn., “awwaalaatti.”

Ykn., “awwaalaatti.”

Kal., “ishii.”

Kal., “ishii.”

Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Tarii loltoota kabaja loltummaatiin goraadee isaanii wajjin awwaalaman kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Ykn., “awwaalaatti.”

Ykn., “Geggeessitoonni.”

Ykn., “awwaalaatti.”

Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.

Kal., “yoo isa fudhate.”

Ykn., “dhiiga isaatiif garuu waardiyyaa sana nan gaafadha.”

Ykn., “jalʼina.”

Kal., “hin yaadatamu.”

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Ykn., “fedhii guddaa akka qaban karaa argisiisuun dubbatu.”

Ykn., “hoolota koo akka naaf deebisan.”

Ykn., “hin tiksine.”

Ykn tarii, “madda eebbaa akka taʼan.”

Kal., “maqaadhaaf.”

Kal., “akka nyaataattis.”

Ykn., “tuffii lubbuu keessaatiin.”

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Jechuunis, garaa dafee qajeelfama Waaqayyootiif ajajamu.

Ykn tarii, “akkuma hoolota aarsaadhaaf dhihaatanii fi.”

Ykn., “hafuura.”

Ykn., “michoota isaa taʼaniif.”

Ykn., “michoota isaa taʼanii.”

Kal., “ilmaan saba keetii.”

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Kal., “ilmaan.”

Ykn., “bulchaa.”

Ykn., “Bakki jireenyaa; Manni.”

Ykn., “isaan irra.”

Ykn., “bulchaa.”

Ykn., “bulchaa.”

Gaachana xixinnoo yeroo baayʼee warri xiyya darbatan qabatan.

Kal., “waardiyyaa.”

Ykn., “ni waamamta.”

Ykn., “biyya baadiyyaa banaa taʼe.”

Ykn., “leenconni saafelaa.”

Ykn., “bulchaa.”

Gaachana xixinnoo yeroo baayʼee warri xiyya darbatan qabatan.

Ykn tarii, “uleewwan fiixeen isaanii qara qabuu.”

Ykn., “Sulula Raayyaawwan Goog.”

“Raayyaawwan” jechuu dha.

Kal., “harka.”

Ykn., “maqaa koo isa qulqulluudhaaf nan hinaafa.”

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “hundumaa irras garaa kee kaaʼi.”

Kal., “manatti.” Boqonnaa 40-48 irratti jechi mana jedhu guutummaa mooraa mana qulqullummaa sanaa ykn gamoo isaa kan argisiisu yeroo taʼu, “mana qulqullummaa” jedhamee hiikameera.

Kal., “shomboqqoo safaraa dhundhuma jaʼa, dhundhuma tokkoo fi balʼina barruu harkaa tokko.” Kun dhundhuma dheeraa argisiisa. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Tarii gubbaa dallaa kutaa eegduu kan argisiisu taʼuu dandaʼa

Ykn., “ittisawwan.”

Ykn., “kutaawwanii.”

Kal., “dalga.”

Ykn tarii, “12.”

Kal., “mana qulqullummaa.” Boqonnaa 41 fi 42 irratti jechi kun iddoo qulqulluu isa gara alaa (Kutaa Qulqulluu) ykn guutummaa iddoo qulqulluu (mana qulqullummaa Kutaa Qulqulluu fi Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe dabalatu) kan argisiisu dha.

Kun dhundhuma dheeraa argisiisa. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Jechuunis, gara iddoo qulqulluu isa keessaatti ykn Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼetti.

Kal., “Dalgi balbalichaa.”

Kun kortoo bifa geengoo qabu kan argisiisu fakkaata.

Kun daandii dhiphoo naannoo mana qulqullummaatti argamu kan argisiisu fakkaata.

Ykn., “kutaawwan.”

Jechuunis, gamoon iddoo qulqulluu sana irraa gara dhihaatti argamu.

Ykn., “leenca saafelaa.”

Kal., “Maqaaniin.” Kun balbala Kutaa Qulqulluutti itti seenan kan argisiisu fakkaata.

Kun Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe kan argisiisu fakkaata.

Kal., “dheerinni.”

Kun dhundhuma dheeraa argisiisa. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “Kutaawwan.”

Akka Septuujantii Giriikiitti, “dheerina dhundhuma 100.” Afaan Ibrootaatiin, “Daandii dhundhuma tokkoo” jedha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “dalga isaa keessatti.”

Kal., “Inni mana.”

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn tarii, “inni.”

Kal., “mana.”

Kal., “haa safaran.”

Kun dhundhuma dheeraa argisiisa. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Gara 22.2 cm. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Jechuunis, kan sabichaa.

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Ykn., “kutaawwan qulqulluu taʼan.”

Kal., “sabicha akka hin qulqulleessineef.”

Kun dhundhuma dheeraa argisiisa. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “Daangaawwan isaa hundumaa keessatti.”

Kal., “500, 500niin.”

Ykn., “kutaawwan.”

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “miinaa.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “kutaawwan.”

Kal., “sabicha akka hin qulqulleessineef.”

Kun dhundhuma dheeraa argisiisa. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “Arfan isaanii fi goleewwan isaanii wal qixa turan.”

Ykn., “kaabaawwan dhagaa.”

Kun dhundhuma dheeraa argisiisa. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “koronyoo.”

Ykn., “gammoojjii sana.”

Kal., “lageen lamaan.”

Ykn., “lubbuuwwan.”

Jechuunis, Meditiraaniyaa.

Kal., “tokkoon tokkoon keessanis akka obboleessa keessaniitti isa ni dhaaltu.”

Kal., “baʼeera.”

Jechuunis, Galaana Duʼaa.

Kal., “Kallattiin kibbaa kallattii kibbaatiin jiru.”

Jechuunis, Laga Gogaa Gibxii.

Kal., “kallattii kibbaa kallattii kibbaatiin jiru dha.”

Ykn., “karra Hamaat.”

Ykn., “karra Hamaat.”

Kun dhundhuma dheeraa argisiisa. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Jechuunis, Laga Gogaa Gibxiitti.

Jechuunis, Meditiraaniyaa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi