BAʼUU
1 Egaa maqaan ilmaan Israaʼel warra tokkoon tokkoon isaanii maatii isaanii fudhatanii Yaaqoobii wajjin gara Gibxiitti galanii kana dha:+ 2 Ruuben, Simiʼoon, Leewwii fi Yihudaa;+ 3 Yisaakor, Zaabiloonii fi Biiniyaam; 4 Daanii fi Niftaalem; akkasumas Gaadii fi Asheer.+ 5 Warri* Yaaqoobiif dhalatan* walumaa galatti namoota* 70 turan; Yoseef garuu yeroo sanatti Gibxii keessa ture.+ 6 Yeroo booda Yoseef, obboloonni isaa hundii fi dhaloonni sun hundi ni duʼan.+ 7 Israaʼelonni* wal horanii akka malee baayʼachuu jalqaban; isaan saffisa guddaadhaan wal horuu fi ciccimoo taʼuu isaanii itti fufan; kanaafuu, isaan biyyattii keessa ni guutan.+
8 Yeroo boodas mootii haaraan Yoseefiin hin beekne biyya Gibxii bulchuu jalqabe. 9 Kanaafuu, inni uummata isaatiin akkana jedhe: “Kunoo, namoonni Israaʼel nu caalaa baayʼachaa fi ciccimoo taʼaa jiru.+ 10 Kaanee haxxummaadhaan wanta tokko isaan irratti haa raawwannu. Taʼuu baannaan, wal horuu isaanii itti fufu; waraanni yoo kaʼes diinota keenyaa wajjin taʼanii nu lolu; biyyattiis dhiisanii deemu.”
11 Kanaafuu, hojii cimaadhaan isaan cunqursuuf, ajajjoota hojii dirqamaa hojjechiisan isaan irratti muudan;+ isaanis Faraʼooniif magaalota midhaanii fi miʼawwan itti kuufaman warra Phiitomii fi Raamsees+ jedhaman ijaaran. 12 Haa taʼu malee, yommuu caalaatti isaan cunqursanitti, caalaatti wal horuu fi caalaatti babalʼachuu isaanii itti fufan; kanaafuu, isaan akka malee Israaʼelota sodaatan.+ 13 Kanaan kan kaʼes, warri Gibxii Israaʼelota garbummaa jala galchan; hojii cimaa akka hojjetanis isaan dirqisiisan.+ 14 Dhoqqee suphee isaan bukeessisuudhaan, xuubii hojjechiisuudhaan, hojii garbummaa hundumaas maasii keessatti isaan hojjechiisuudhaan, hojii cimaadhaan jireenya isaanii isaanitti hadheessan. Eeyyee, isaan hojii garbummaa hundumaatiin haala rakkisaa taʼe keessatti akka dhamaʼan godhan.+
15 Boodas mootiin Gibxii dubartoota Ibrootaa deessistuu taʼanii fi Shifraa fi Puwaa jedhamanitti dubbate; 16 akkanas isaaniin jedhe: “Dubartoota Ibrootaa yommuu deessistanii+ fi barcuma daʼumsaa irra taaʼanii yommuu isaan argitan, daaʼimni sun dhiira yoo taʼe ajjeesaa; durba yoo taate garuu lubbuudhaan haa jiraattu.” 17 Deessistoonni sun garuu Waaqa dhugaa ni sodaatan; wanta mootiin Gibxii isaaniin jedhes hin raawwanne. Kanaa mannaa, ijoollee dhiiraa sana lubbuudhaan ni dhiisan.+ 18 Boodas mootiin Gibxii deessistoota sana waamee, “Ijoollee dhiiraa sana lubbuudhaan kan dhiistan maaliifi?” jedhee isaan gaafate. 19 Deessistoonni sunis Faraʼooniin, “Dubartoonni Ibrootaa akka dubartoota Gibxii miti. Isaan ciccimoo dha; utuu deessistuun gara isaanii hin dhufinis daʼanii ishii eegu” jedhan.
20 Waaqayyos deessistoota sana ni eebbise; uummatichis baayʼachaa fi akka malee cimaa deeme. 21 Deessistoonni sun Waaqa dhugaa waan sodaataniif, yeroo booda inni isaaniif maatii ni kenne. 22 Dhuma irrattis Faraʼoon, “Ilma Ibrootaa reefuu dhalate kam iyyuu Laga Abbayyaa keessatti gataa; durba tam iyyuu garuu lubbuudhaan dhiisaa” jedhee saba isaa hundumaa ajaje.+
2 Bara sanatti maatii Leewwii keessaa namichi tokko intala Leewwii fuudhe.+ 2 Dubartittiinis ulfooftee ilma deesse. Mucichi baayʼee miidhagaa taʼuu isaa yommuu argitus jiʼa sadiif dhoksitee isa tursite.+ 3 Isa dhoksuu yommuu dadhabdettis+ guuboo* dhallaadduu irraa tolfame fudhattee leelee* fi hapheedhaan maragdee mucicha achi keessa keesse; achiis guuboo sana shomboqqoo qarqara Laga Abbayyaatti argamu gidduu keesse. 4 Obboleettiin+ isaa immoo wanta isa irra gaʼu ilaaluuf isa irraa fagaattee dhaabbatte.
5 Intalli Faraʼoon Lagicha keessatti qaama ishii dhiqachuuf yeroo gad buutetti, tajaajiltoonni ishii warri durbaa Lagicha qarqara deemaa turan. Ishiinis guuboo sana shomboqqoo gidduutti argite. Dhaqxee akka fidduufis yeruma sana garbittii ishii ergite.+ 6 Guuboo sana yommuu bantus mucicha argite; yeroo kanatti inni booʼaa ture. Ishiinis garaa isaaf laafte; haa taʼu malee, “Kun ijoollee Ibrootaa keessaa tokko dha” jette. 7 Achiis obboleettiin isaa intala Faraʼooniin, “Mucicha hoosistee akka sii guddistuuf, dhaqee Ibroota keessaa dubartii hoosistu tokko sii waamuu?” jette. 8 Intalli Faraʼoonis, “Dhaqi!” ishiidhaan jette. Ishiinis yeruma sana dhaqxee haadha mucichaa+ waamte. 9 Intalli Faraʼoonis, “Mucaa kana fuudhiitii hoosisii naaf guddisi; anis siifan kaffala” ishiidhaan jette. Kanaafuu, dubartittiin mucicha fuutee hoosistee guddiste. 10 Mucichi yommuu guddatus ishiin gara intala Faraʼoonitti isa fidde; innis ilma ishii taʼe.+ “Ani bishaan keessaa isa baaseera” jettees maqaa isaa Musee* jettee moggaaste.+
11 Bara sanatti, Museen gaʼeessa* erga taʼee booda baʼaa isaan baatan+ ilaaluuf gara obboloota isaatti gad baʼe; yeroo kanatti Museen namichi Gibxii tokko Ibricha isa obboloota isaa keessaa tokko taʼe yommuu rukutu arge. 12 Kanaafuu, asii fi achi ilaallatee eenyu iyyuu akka isa hin argine yommuu hubatu, namicha Gibxii sana ajjeesee cirracha keessa dhokse.+
13 Haa taʼu malee, guyyaa itti aanu yommuu gad baʼu, Ibroonni lama wal lolaa turan. Kanaafuu, isa balleessaa qabu sanaan, “Michuu kee maaliif rukutta?” jedhe.+ 14 Innis deebisee, “Eenyutu bulchaa fi abbaa murtii godhee nu irratti si muude? Akkuma namicha Gibxii sana ajjeeste anaanis ajjeesuu barbaaddee?” isaan jedhe.+ Museenis yeroo kanatti sodaatee, “Dhimmichi dhugumaan beekameera!” jedhe.
15 Sana booda Faraʼoon waaʼee kanaa dhagaʼee, Musee ajjeesuu barbaade; Museen garuu Faraʼoon jalaa baqatee biyya Miidiyaan+ keessa jiraachuuf deeme; boolla bishaanii tokko biras ni taaʼe. 16 Lubni Miidiyaan+ ijoollee durbaa torba qabu tokko jira ture; isaanis bishaan waraabanii bidiruu* horiin keessaa dhuganitti bishaan guutanii bushaayee* abbaa isaanii obaasuu dhufan. 17 Haa taʼu malee, akkuma kanaan dura godhanitti tiksitoonni dhufanii isaan ariʼan. Yeroo kanatti Museen kaʼee dubartoota sana gargaare;* bushaayee isaaniis bishaan obaase. 18 Yommuu isaan gara manaa, jechuunis gara abbaa isaanii Rewuʼelitti*+ deebiʼanitti inni ajaaʼibsiifatee, “Harʼa akkamitti daftanii manatti deebitan?” jedhee isaan gaafate. 19 Isaanis, “Namichi Gibxii+ tokko tiksitoota irraa nu oolche; bishaan waraabee iyyuu bushaayee keenya obaaseera” jedhanii deebisan. 20 Innis ijoollee isaatiin, “Maarree inni eessa jira? Namicha maaliif dhiistanii dhuftan? Nuu wajjin akka nyaatuuf isa waamaa” jedhe. 21 Sana booda Museen namichaa wajjin jiraachuuf walii gale; namichis intala isaa Sifooraa+ Museetti heerumsiise. 22 Boodas ishiin ilma ni deesse; innis, “Ani biyya ormaa keessatti nama biyya ormaa taʼeera”+ jechuudhaan maqaa isaa Geershom*+ jedhee moggaase.
23 Yeroo dheeraa* boodas mootiin Gibxii ni duʼe;+ Israaʼelonni garuu garboota taʼuu isaaniitiin kan kaʼe aaduu isaanii fi gaddaan iyyuu isaanii itti fufan; iyyi isaan sababii garbummaa isaaniitiin dhageessisanis gara Waaqa dhugaatti ol baʼe.+ 24 Yeroo boodas Waaqayyo aaduu isaanii ni dhagaʼe;+ kakuu isaa isa Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobii wajjin gales ni yaadate.+ 25 Kanaafuu, Waaqayyo Israaʼelota ni ilaale; xiyyeeffannaas isaaniif ni kenne.
3 Museen abbiyyuu* isaa Yetroo+ isa luba Miidiyaan taʼe sanaaf bushaayee tiksuu jalqabe. Bushaayee sana utuma kallattii dhihaa lafa onaa sanaatti oofaa jiruu, dhuma irratti gara gaara Waaqa dhugaa, jechuunis gara Horeeb+ dhufe. 2 Achiis maleekaan Yihowaa labooba ibiddaa harangamaa* tokko gidduu jiru keessaa isatti mulʼate.+ Innis xiyyeeffatee yommuu ilaalu, harangamaan sun bobaʼaa kan jiru taʼus, akka hin gubanne arge. 3 Kanaafuu Museen, “Mee wanti adda taʼe kun maal akka taʼee fi harangamaan sun maaliif akka hin gubanne itti siqeen qoradha” jedhe. 4 Yihowaanis Museen ilaaluuf itti siquu isaa yommuu argu harangamaa sana keessaa, “Musee! Musee!” jedhee isa waame; innis, “Kunoo, asan jira” jedhee deebise. 5 Achiis inni, “Kana caalaa as hin siqin. Bakki ati dhaabbatte lafa qulqulluu waan taʼeef kophee kee of irraa baasi” isaan jedhe.
6 Itti dabaluudhaanis, “Ani Waaqa abbaa keetii, Waaqa Abrahaam,+ Waaqa Yisihaaqii+ fi Waaqa Yaaqoobi”+ isaan jedhe. Achiis Museen Waaqa dhugaa ilaaluu waan sodaateef, fuula isaa ni dhokse. 7 Yihowaanis itti dabaluudhaan akkana jedhe: “Ani dhugumaan rakkina saba koo warra Gibxii keessa jiranii argeera; warra dirqamaan isaan hojjechiisaniin kan kaʼe iyya isaan dhageessisan dhagaʼeera; miidhaa isaan irra gaʼaa jirus akka gaariitti nan beeka.+ 8 Ani harka warra Gibxii jalaa isaan oolchuuf,+ akkasumas biyya sana keessaa isaan baasee gara biyya gaarii fi balʼaa taatetti, gara biyya aannanii fi damma maddisiistutti,+ naannoo Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa fi Yebuusotaatti isaan galchuuf gad nan buʼa.+ 9 Kunoo, iyyi saba Israaʼel ana bira gaʼeera; warri Gibxiis hammam gara jabinaan isaan cunqursaa akka jiran argeera.+ 10 Egaa kottu, gara Faraʼoonitti sin erga; atis Israaʼelota warra saba koo taʼan biyya Gibxii keessaa ni baasta.”+
11 Museen garuu Waaqa dhugaatiin, “Gara Faraʼoon kanan dhaquu fi Israaʼelota biyya Gibxii keessaa kanan baasu ani eenyu taʼeeni?” jedhe. 12 Innis akkana isaan jedhe: “Ani sii wajjin nan taʼa;+ mallattoon kan si erge ana taʼuu koo argisiisu kana dha: Ati sabicha biyya Gibxii keessaa erga baastee booda, isin gaara kana irratti Waaqa dhugaa ni tajaajiltu.”*+
13 Museen garuu Waaqa dhugaatiin akkana jedhe: “Ani gara Israaʼelotaa dhaqee, ‘Waaqni abbootii keessanii gara keessanitti na ergeera’ yommuun isaaniin jedhu, isaan immoo, ‘Maqaan isaa eenyu?’+ yoo naan jedhan maal jedhee isaaniif deebisu?” 14 Kanaafuu, Waaqayyo Museedhaan, “Wantan Taʼuu Filadhu* Nan Taʼa”*+ jedhe. Itti dabaluudhaanis, “Israaʼelotaan, ‘Nan Taʼaatu gara keessanitti na erge’+ jetta” isaan jedhe. 15 Waaqayyo ammas Museedhaan akkana jedhe:
“Israaʼelotaan akkana jetta: ‘Yihowaa isa Waaqa abbootii keessanii, Waaqa Abrahaam,+ Waaqa Yisihaaqii+ fi Waaqa Yaaqoob+ taʼetu gara keessanitti na erge.’ Bara baraaf maqaan koo isa kana;+ dhalootaa hamma dhalootaattis kanaan nan yaadatama. 16 Ammas dhaqiitii jaarsolii Israaʼel walitti qabii akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan inni Waaqa abbootii keessanii, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob taʼe natti mulʼatee akkana naan jedhe: “Ani dhugumaan isiniinis taʼe wanta biyya Gibxii keessatti isin irratti raawwatamaa jiru argeera.+ 17 Kanaafuu, ani dhiphina harka namoota Gibxiitiin isin irra gaʼu jalaa isin baasee,+ gara biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa,+ Pheriizotaa, Hiiwotaa fi Yebuusotaatti,+ gara biyya aannanii fi damma maddisiistutti+ isin nan galcha jedheera.”’
18 “Isaan dhugumaan sagalee kee ni dhagaʼu;+ atii fi jaarsoliin Israaʼelis gara mootii Gibxii dhaqxanii, ‘Waaqa Ibrootaa kan taʼe Yihowaan+ nutti dubbatee ture. Kanaafuu maaloo, Waaqa keenya Yihowaadhaaf aarsaa akka dhiheessinuuf, adeemsa guyyaa sadii deemnee gara lafa onaa akka dhaqnu nuuf heyyami’ isaan jettu.+ 19 Taʼus, mootiin Gibxii harki jabaan yoo isa dirqisiise malee, akka deemtan kan isiniif hin heyyamne taʼuu isaa ani iyyuu akka gaariitti nan beeka.+ 20 Kanaafuu, harka koo diriirsee hojiiwwan dinqisiisoo hundumaa ani ishii keessatti raawwadhuun Gibxii nan rukuta; sana booda inni isin gadhiisa.+ 21 Anis sabni kun warra Gibxii duratti ulfina akka argatu nan godha; isinis yommuu deemtan, matumaa harka duwwaa hin baatan.+ 22 Dubartoonni hundi olloota isaanii fi dubartoota mana isaanii keessa jiraatan faayawwan meetii fi warqii, akkasumas uffata haa gaafatan; isinis wantoota kana ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa keessaniif ni gootu; warra Gibxiis ni saamtu.”+
4 Museen garuu, “Isaan, ‘Yihowaan sitti hin mulʼanne’ jedhanii na amanuu fi sagalee koo dhagaʼuu yoo didan hoo?”+ jedhe. 2 Achiis Yihowaan, “Inni harka kee keessa jiru kun maali dha?” isaan jedhe. Innis, “Ulee dha” jedhee deebise. 3 Waaqayyos, “Ulicha lafatti darbadhu” isaan jedhe. Innis lafatti darbate; ulichis bofa taʼe;+ Museenis isa irraa baqate. 4 Yeroo kanatti Yihowaan Museedhaan, “Harka kee diriirsiitii eegee isaa qabi” jedhe. Innis harka isaa diriirsee isa qabe; bofichis harka isaa keessatti ulee taʼe. 5 Achiis Waaqayyo, “Kun kan taʼe, Yihowaan inni Waaqa abbootii isaanii, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob+ taʼe sitti mulʼachuu isaa akka amananiifi”+ jedhe.
6 Yihowaan ammas, “Maaloo, harka kee dachaʼaa uffata keetii keessa kaaʼi” isaan jedhe. Innis harka isaa dachaʼaa uffata isaa keessa ni kaaʼe. Harka isaa achi keessaa yommuu baasus, harki isaa dhukkuba nadaayiitiin rukutamee akkuma cabbii taʼee ture!+ 7 Achiis, “Harka kee gara dachaʼaa uffata keetti deebisi” isaan jedhe. Innis harka isaa gara uffata isaatti deebise. Harka isaa uffata isaa keessaa yommuu baasus, harki isaa deebiʼee akkuma qaama isaa isa kaanii taʼe! 8 Waaqayyos akkana jedhe: “Isaan yoo si amanuu baatan yookiin mallattoo isa jalqabaatiif yoo xiyyeeffannaa kennuu baatan, mallattoo itti aanuuf xiyyeeffannaa akka kennan beekamaa dha.+ 9 Isaan amma iyyuu mallattoowwan lamaan kana yoo amanuu baatanii fi sagalee kee yoo dhagaʼuu baatan, ati Laga Abbayyaa irraa bishaan xinnoo fudhattee lafa gogaa irratti dhangalaasta; bishaan ati lagicha irraa fudhattes lafa gogaa sana irratti dhiiga ni taʼa.”+
10 Yeroo kanatti Museen Yihowaadhaan, “Yaa Yihowaa, dhiifama naaf godhi; ani duraanis taʼe erga ati tajaajilaa keetti dubbattee jalqabee matumaa nama akka gaariitti dubbatu miti; ani nama dubbachuu hin dandeenyee* fi arrabni isaa hidhame dha” jedhe.+ 11 Yihowaanis akkana isaan jedhe: “Inni namaaf afaan tolche eenyu? Namni tokko duudaa, gurri isaa kan hin dhageenye, ijji isaa kan argu yookiin jaamaa akka taʼu kan godhu hoo eenyu? Ana Yihowaa mitii? 12 Kanaafuu, amma deemi; ani yommuu dubbattu sii wajjin nan taʼa;* maal akka jettus sin barsiisa.”+ 13 Inni garuu, “Yaa Yihowaa, dhiifama naa godhi; maaloo, nama erguu barbaadde kan biraa kam iyyuu ergi” jedhe. 14 Yeroo kanatti aariin Yihowaa Musee irratti bobaʼe; achiis akkana isaan jedhe: “Obboleessi kee Aaron+ Leewwichi jira mitii? Inni akka gaariitti dubbachuu akka dandaʼu nan beeka. Amma inni si simachuuf as dhufaa jira. Yommuu si argus garaan isaa ni gammada.+ 15 Kanaafuu, isatti dubbadhu; dubbichas afaan isaa keessa kaaʼi;+ anis yommuu isin dubbattanitti sii fi isaa wajjin nan taʼa;+ wanta gochuu qabdanis isinan barsiisa. 16 Inni sabichatti siif ni dubbata; nama siif dubbatus ni taʼa; atis akka Waaqaa* isaaf ni taata.+ 17 Ulee kana harka keetti qabattees mallattoowwan sana ittiin ni raawwatta.”+
18 Kanaafuu, Museen gara abbiyyuu isaa Yetrootti+ deebiʼee, “Maaloo, amma iyyuu lubbuudhaan jiraachuu fi dhiisuu isaanii ilaaluuf, deebiʼee gara obboloota koo warra Gibxii keessa jiranii dhaquun barbaada” isaan jedhe. Yetroonis, “Nagaadhaan dhaqi” isaan jedhe. 19 Sana booda Yihowaan Miidiyaan keessatti Museedhaan, “Namoonni si ajjeesuu* barbaadan hundi waan duʼaniif, deebiʼii gara Gibxii dhaqi” jedhe.+
20 Achiis Museen haadha manaa isaa fi ilmaan isaa fuudhee harree irra kaaʼee gara biyya Gibxiitti deebiʼuuf karaa jalqabe. Museen ulee Waaqa dhugaas harka isaatti qabatee ture. 21 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Gara Gibxiitti erga deebitee booda, dinqiiwwan ani akka raawwattu si dandeessise sana hundumaa Faraʼoon duratti raawwachuu hin dagatin.+ Ani garuu garaan isaa didaa akka taʼu nan heyyama;+ innis sabicha hin gadhiisu.+ 22 Faraʼooniin akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Israaʼel ilma koo isa angafaa ti.+ 23 Ani siinan jedha: Inni akka na tajaajiluuf ilma koo gadhiisi. Isa gadhiisuu yoo didde garuu, ilma kee isa angafaa nan ajjeesa.”’”+
24 Yihowaanis+ karaa irratti bakka itti boqotanitti isa argate; innis isa ajjeesuu barbaadee ture.+ 25 Dhuma irrattis, Sifooraan+ dhagaa qara qabu* fudhattee ilma ishii dhaqna qabde; achiis qolofni* isaa miila isaa akka tuqu gootee, “Kun kan taʼe, ati anaaf misirroo dhiigaa waan taateefi” jette. 26 Kanaafuu, inni akka deemu isaaf ni heyyame. Yeroo sanatti ishiin, “misirroo dhiigaa” kan jette, sababii dhaqna qabaa sanaatiin ture.
27 Achiis Yihowaan Aaroniin, “Musee argachuuf gara lafa onaa dhaqi” jedhe.+ Kanaafuu, inni dhaqee gaara Waaqa dhugaa+ biratti isa argate; achiis dhungatee nagaa isa gaafate. 28 Museenis, dubbii Yihowaa isa isa erge sanaa hundumaa+ fi waaʼee mallattoowwan akka inni raawwatu isa ajaje hundumaa+ Aaronitti hime. 29 Sana booda, Musee fi Aaron deemanii jaarsolii Israaʼelotaa hundumaa walitti qaban.+ 30 Aaronis wanta Yihowaan Museetti dubbate hundumaa isaanitti hime; innis uummaticha duratti mallattoowwan sana ni raawwate.+ 31 Yeroo kanatti uummatichi ni amane.+ Isaan, Yihowaan xiyyeeffannaa isaa gara Israaʼelotaatti akka deebisee+ fi dhiphina isaanii akka arge+ yommuu dhagaʼan, lafatti gombifamanii sagadan.
5 Sana booda, Musee fi Aaron gara Faraʼoon deemanii akkana isaan jedhan: “Yihowaan Waaqni Israaʼel, ‘Lafa onaa keessatti ayyaana akka naaf kabajaniif saba koo gadhiisi’ jedha.” 2 Faraʼoon garuu, “Ani isaaf ajajamee Israaʼeliin akkan gadhiisuuf,+ Yihowaan kun eenyu?+ Ani matumaa Yihowaa hin beeku; Israaʼeliinis hin gadhiisu” jedhe.+ 3 Isaan garuu, “Waaqni Ibrootaa nutti dubbatee ture. Maaloo, gara lafa onaatti adeemsa guyyaa sadii deemnee Waaqa keenya Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuu barbaanna;+ taʼuu baannaan garuu, inni dhukkubaan yookiin goraadeedhaan nu fixa” isaan jedhan. 4 Yeroo kanatti mootiin Gibxii, “Isin Musee fi Aaron, uummaticha hojii kan hiiksistan maaliifi? Hojii humnaa* keessanitti deebiʼaa!” isaaniin jedhe.+ 5 Faraʼoon itti fufuudhaan, “Uummatichi biyyattii keessatti hammam akka baayʼatu ilaalaa; isin immoo hojii humnaa isaan hojjetan irraa akka boqotan gochuuf jettu” jedhe.
6 Guyyuma sanatti Faraʼoon akkana jedhee toʼattoota hojichaa fi hojjechiistota isaanii ajaje: 7 “Kana booda uummatichi xuubii yeroo hojjetutti cidii hin kenninaafii.+ Ofuma isaaniitiin deemanii cidii haa sassaabbatan. 8 Haa taʼu malee, xuubii hammuma duraan dhiheessaa turan akka dhiheessan isaan dirqisiisuu qabdu. Dhibaaʼaa waan jiraniif,* baayʼina isaa isaaniif hin hirʼisinaa. Isaan, ‘Deemuu barbaanna; Waaqa keenyaaf aarsaa dhiheessuu barbaanna!’ jedhanii iyyaa kan jiran kanaafi. 9 Akka isaan oduu sobaatiif xiyyeeffannaa hin kennineef, hojicha itti cimsaa; akkasumas itti baayʼisaa.”
10 Kanaafuu, toʼattoonni hojichaa+ fi hojjechiistonni isaanii baʼanii uummatichaan akkana jedhan: “Faraʼoon akkana jedheera: ‘Kana booda cidii isiniif hin kennu. 11 Deemaatii bakka argachuu itti dandeessan kam irraa iyyuu ofuma keessanii cidii fidadhaa; haa taʼu malee, hojiin keessan matumaa isiniif hin hirʼifamu.’” 12 Uummatichis iddoo cidii agadaa* barbaaddachuuf guutummaa biyya Gibxii keessa faffacaʼe. 13 Toʼattoonni hojichaas, “Tokkoon tokkoon keessan akkuma yeroo cidiin isiniif dhihaachaa turetti gochaa turtan, guyyaa hundumaa hojii isin irraa eegamu xumuruu qabdu” jedhanii dhiibbaa isaan irratti godhu turan. 14 Kana malees, hojjechiistonni Israaʼelotaa warri namoonni Faraʼooniif hojii toʼatan sabicha irratti muudan ni reebaman.*+ Isaan, “Xuubii hamma kanaan dura tolchaa turtan kan hin tolchine maaliifi? Kaleessas taʼe harʼa akkana gootaniittu” isaaniin jedhan.
15 Kanaafuu, hojjechiistonni Israaʼelotaa gara Faraʼoon dhaqanii akkana jedhanii isatti iyyatan: “Tajaajiltoota kee irratti akkana kan gootu maaliifi? 16 Nu tajaajiltoota keetiif cidiin kennamaa kan hin jirre taʼus, isaan, ‘Xuubii hojjedhaa!’ nuun jechaa jiru. Kan balleesse namoota kee taʼus, nuti tajaajiltoonni kee reebamaa jirra.” 17 Inni garuu akkana isaaniin jedhe: “Isin dhibaaʼaa jirtu, dhibaaʼaa jirtu!+ ‘Deemuu barbaanna; Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuu barbaanna’ jechaa kan jirtan kanaafi.+ 18 Kanaafuu, amma deemaa; hojii keessanitti deebiʼaa! Cidiin isiniif hin kennamu; taʼus, xuubii hamma isin irraa barbaadamu tolchuu qabdu.”
19 Yeroo kanatti hojjechiistonni Israaʼelotaa ajaja, “Xuubii guyyaa guyyaadhaan isin irraa barbaadamu matumaa hirʼisuu hin qabdan” jedhuun kan kaʼe rakkina guddaa keessa akka galan ni hubatan. 20 Sana booda isaan Musee fi Aaron warra yeroo isaan Faraʼoon biraa baʼanitti isaan simachuuf achi dhaabbatanii turanii wajjin wal argan. 21 Isaanis yeruma sana, “Isin Faraʼoonii fi tajaajiltoonni isaa akka nu tuffatan* waan gootaniif, akkasumas akka nu ajjeesaniif harka isaanii keessa goraadee waan keessaniif, Yihowaan isiniif haa ilaalu; murtiis haa kennu” isaaniin jedhan.+ 22 Achiis Museen Yihowaatti garagalee akkana jedhe: “Yaa Yihowaa, uummata kana irratti rakkina kan fidde maaliifi? Maaliif na ergite? 23 Yeroo ani maqaa keetiin dubbachuuf Faraʼoon duratti dhihaadhee kaasee,+ inni uummata kanatti caalaatti hammaachaa jira;+ atis dhugumaan saba kee hin oolchine.”+
6 Kanaafuu Yihowaan Museedhaan, “Amma wantan Faraʼoon irratti raawwadhu ni argita.+ Harki jabaan akka inni isaan erguuf isa dirqisiisa; akka inni biyya isaatii isaan geggeessuufis harki jabaan isa dirqisiisa” jedhe.+
2 Achiis Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe: “Ani Yihowaa dha. 3 Ani Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobitti Waaqa Hundumaa Dandaʼu+ taʼee mulʼachaan ture; haa taʼu malee, maqaa koo isa Yihowaa+ jedhamu guutummaatti isaaniif hin ibsine.+ 4 Kana malees, ani biyya Kanaʼaan isa nama biyya ormaa taʼanii keessa jiraatan isaaniif kennuuf isaanii wajjin kakuu galeera.+ 5 Amma ani sabni Israaʼel warri namoonni Gibxii garba isaan godhatanii jiran aaduu isaanii ofuma kootii dhagaʼeera; kakuu koos yaadadheera.+
6 “Kanaafuu, Israaʼelotaan akkana jedhi: ‘Ani Yihowaa dha; baʼaa warra Gibxii jalaa isin nan baasa; garbummaa isaanii jalaas bilisa isin nan baasa;+ akkasumas irree koo isa diriirfamee* fi murtii koo isa guddaadhaan isin nan fura.+ 7 Akka saba kootti isin nan simadha; Waaqa keessanis nan taʼa;+ isinis ani Waaqa keessan Yihowaa isa baʼaa Gibxii jalaa isin baasu taʼuu koo dhugumaan ni beektu. 8 Kana malees biyya ani Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kennuuf kakadhetti* isin nan galcha; isas dhaalaan isiniif nan kenna.+ Ani Yihowaa dha.’”+
9 Boodas Museen ergaa kana Israaʼelotatti ni hime; isaan garuu abdii kutachuu isaaniitiin, akkasumas garbummaa hamaa sanaan kan kaʼe Musee hin dhageenye.+
10 Achiis Yihowaan akkana jedhee Museetti dubbate: 11 “Ol seeniitii Israaʼelota biyya isaa keessaa akka gadhiisu Faraʼoon mootii Gibxiitti himi.” 12 Museen garuu, “Kunoo, Israaʼelonni illee ana hin dhageenye erga taʼee,+ Faraʼoon ana nama dubbachuuf rakkatu akkamitti dhagaʼuu dandaʼa ree?”+ jedhee Yihowaadhaaf deebise. 13 Yihowaan garuu Israaʼelota biyya Gibxiitii baasuuf, Musee fi Aaron Israaʼelotaa fi Faraʼoon mootii Gibxiitiif ajaja akkamii kennuu akka qaban irra deebiʼee isaanitti hime.
14 Kanneen kun dura buutota mana abbootii isaanii turan: Ilmaan Ruuben isa ilma angafaa Israaʼel+ taʼee Hanook, Paaluu, Hesroonii fi Kaarmii turan.+ Kanneen kun maatiiwwan Ruuben turan.
15 Ilmaan Simiʼoon Yemuʼel, Yaamiin, Ohaad, Yaakiin, Zohaarii fi Shaawul isa ilma dubartii biyya Kanaʼaan taate sanaa turan.+ Kanneen kun maatiiwwan Simiʼoon turan.
16 Maqaan ilmaan Leewwii+ akka hidda dhalootaa maatii isaaniitti kana dha: Geershon, Qehaatii fi Meraarii.+ Barri jireenyaa Leewwii waggaa 137 ture.
17 Ilmaan Geershon akka hidda dhalootaa maatiiwwan isaaniitti Libnii fi Shimeʼii turan.+
18 Ilmaan Qehaat Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uuziʼel turan.+ Barri jireenyaa Qehaat waggaa 133 ture.
19 Ilmaan Meraarii Maahlii fi Muushii turan.
Kanneen kun akka hidda dhalootaa maatii isaaniitti maatiiwwan Leewwotaa turan.+
20 Amraam Yokebeed ishii obboleettii abbaa isaa taate ni fuudhe.+ Ishiinis Aaronii fi Musee isaaf ni deesse.+ Barri jireenyaa Amraam waggaa 137 ture.
21 Ilmaan Yizhaar Qoraa,+ Nefeegii fi Zikrii turan.
22 Ilmaan Uuziʼel Mishaaʼel, Elizaafaanii+ fi Sitrii turan.
23 Aaron Elishebaa ishii intala Aminaadaabii fi obboleettii Naʼaasoon+ taate ni fuudhe. Ishiinis Naadaab, Abihuu, Eleʼazaarii fi Itaamaariin isaaf ni deesse.+
24 Ilmaan Qoraa Asiir, Elqaanaa fi Abiyaasaaf turan.+ Kanneen kun maatiiwwan Qorootaa turan.+
25 Eleʼazaar+ ilmi Aaron ijoollee durbaa Putiʼel keessaa tokko ni fuudhe. Ishiinis Finahaasiin+ isaaf ni deesse.
Kanneen kun akka maatiiwwan isaaniitti dura buutota manneen abbootii Leewwotaa turan.+
26 Aaronii fi Museen warri Yihowaan, “Isin garee gareedhaan* godhaatii saba Israaʼel biyya Gibxii keessaa baasaa”+ jedheen sun kanneen kana dha. 27 Saba Israaʼel biyya Gibxii keessaa baasuuf, Faraʼoon mootii Gibxiitti kan dubbatan Musee fi Aaron turan.+
28 Guyyaa sanatti yommuu Yihowaan biyya Gibxii keessatti Museetti dubbatetti, 29 Yihowaan Museedhaan, “Ani Yihowaa dha. Wantan sitti himu kana hundumaa Faraʼoon mootii Gibxiitti himi” jedhe. 30 Achiis Museen Yihowaadhaan, “Kunoo, ani nama dubbachuuf rakkatu dha; maarree, Faraʼoon akkamitti na dhagaʼuu dandaʼa?” jedhe.+
7 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Ilaa, ani Faraʼooniif akka Waaqaa* si godheera; obboleessi kee Aaronis raajii kee ni taʼa.+ 2 Wantan si ajaju hundumaa irra deebitee ni dubbatta; obboleessi kee Aaronis Faraʼoonitti ni dubbata; innis biyya isaa keessaa akka baʼan Israaʼelota ni gadhiisa. 3 Ani garuu Faraʼoon garaan isaa didaa akka taʼu nan heyyama;+ biyya Gibxii keessattis mallattoowwanii fi dinqiiwwan hedduu nan raawwadha.+ 4 Faraʼoon garuu isin hin dhagaʼu; anis harka koo biyya Gibxii irra kaaʼee, saba koo warra hedduu taʼan,* jechuunis Israaʼelota murtii guddaadhaan biyya Gibxii keessaa nan baasa.+ 5 Harka koo Gibxii irratti yommuun diriirsuu fi Israaʼelota isaan gidduudhaa yommuun baasu, warri Gibxii ani Yihowaa akkan taʼe dhugumaan ni beeku.”+ 6 Musee fi Aaronis wanta Yihowaan isaan ajaje ni raawwatan; akkuma jedhamanis ni godhan. 7 Isaan yommuu Faraʼoonitti dubbatanitti, umuriin Musee waggaa 80, kan Aaron immoo waggaa 83 ture.+
8 Yihowaanis Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 9 “Faraʼoon ‘Dinqii raawwadhaa’ yoo isiniin jedhe, ati immoo Aaroniin, ‘Ulee kee fuudhiitii Faraʼoon duratti darbadhu’ jetta. Ulichis bofa guddaa taʼa.”+ 10 Kanaafuu, Musee fi Aaron gara Faraʼoon dhaqanii akkuma Yihowaan isaan ajajee ture godhan. Aaronis ulee isaa Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa duratti darbate; ulichis bofa guddaa taʼe. 11 Faraʼoon garuu namoota ogeeyyii fi falfala raawwatan walitti ni qabe; luboonni Gibxii warri falfala raawwatanis+ falfala* isaaniitiin wantuma wal fakkaatu raawwatan.+ 12 Tokkoon tokkoon isaanii uleewwan isaanii yeroo darbatan, uleewwan sun bofa guguddaa taʼan; uleen Aaron garuu uleewwan isaanii ni liqimse. 13 Haa taʼu malee, garaan Faraʼoon amma iyyuu didaa taʼe;+ akkuma Yihowaan jedhes inni isaan hin dhageenye.
14 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Garaan Faraʼoon didaa dha.+ Inni sabicha gadhiisuu dideera. 15 Ganamaan gara Faraʼoon dhaqi. Kunoo, inni gara bishaanichaa ni dhaqa! Atis isa argachuuf qarqara Laga Abbayyaa dhaabbadhu; ulee isa gara bofaatti jijjiiramee ture sanas harkatti qabadhuu deemi.+ 16 Akkanas isaan jedhi: ‘Yihowaan inni Waaqa Ibrootaa taʼe,+ “Lafa onaa keessatti akka na tajaajilaniif, saba koo gadhiisi” jedhee gara keetti na ergee ture; ati garuu hamma yoonaatti hin ajajamne. 17 Yihowaan akkana jedha: “Ani Yihowaa taʼuu koo kanaan ni beekta.+ Kunoo, ulee isa harka koo keessa jiruun bishaan Laga Abbayyaa keessa jiru nan rukuta, bishaanichis gara dhiigaatti jijjiirama. 18 Qurxummiiwwan Lagicha keessa jiranis ni duʼu; Lagichis ni ajaaʼa; warri Gibxiis bishaan Laga Abbayyaa dhuguu hin dandaʼan.”’”
19 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Aaroniin akkana jedhi: ‘Isaan gara dhiigaatti akka jijjiiramaniif, ulee kee fudhadhuutii bishaanota,+ lageen, boʼoowwan,* caffeewwanii+ fi haroowwan Gibxii hundumaa irratti harka kee diriirsi.’ Bishaanota miʼawwan mukaa fi miʼawwan dhagaa keessa jiran dabalatee bishaanonni biyya Gibxii keessatti argaman hundi dhiiga ni taʼu.” 20 Musee fi Aaronis yeruma sana akkuma Yihowaan isaan ajaje godhan. Innis Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa duratti ulicha ol fuudhee bishaan isa Laga Abbayyaa keessa jiru ni rukute; bishaan lagicha keessa jiru hundis gara dhiigaatti jijjiirame.+ 21 Qurxummiiwwan lagicha keessa turan ni duʼan;+ lagichi ajaaʼuu jalqabe; warri Gibxiis Laga Abbayyaa irraa bishaan dhuguu hin dandeenye;+ guutummaan biyya Gibxiis dhiiga duwwaa taʼe.
22 Haa taʼu malee, luboonni Gibxii warri falfaltoota taʼanis ogummaa isaanii isa dhokataadhaan wantuma kana ni raawwatan;+ kanaafuu, Faraʼoon garaan isaa didaa taʼuu isaa itti fufe; akkuma Yihowaan jedhes inni isaan hin dhageenye.+ 23 Achiis Faraʼoon gara mana isaatti deebiʼe; wanta kanaafis xiyyeeffannaa hin kennine. 24 Warri Gibxii hundi bishaan Laga Abbayyaa kam iyyuu dhuguu waan hin dandeenyeef, bishaan dhugamu argachuuf Laga Abbayyaatti marsanii boolla qotu turan. 25 Yihowaan Laga Abbayyaa erga rukutee booda guyyaan torba guutuun ni darbe.
8 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Gara Faraʼoon dhaqiitii akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Akka na tajaajilaniif saba koo gadhiisi.+ 2 Isaan gadhiisuu yoo didde garuu, naannoo kee hundumaa dhaʼicha raachaatiin nan rukuta.+ 3 Lagni Abbayyaa raachaan ni guutama; isaanis achi keessaa baʼanii gara mana keetii fi gara kutaa ciisichaa keetii ni seenu; siree kee irratti ol ni baʼu; gara mana tajaajiltoota keetiitti ni seenu; saba kee irratti ol ni baʼu; akkasumas gara iddoo ibiddaa keetii fi gara qoda bukoo* keetii ni seenu.+ 4 Raachawwan sun si irratti, saba kee irrattii fi tajaajiltoota kee hundumaa irratti ol ni baʼu.”’”
5 Boodas Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Aaroniin akkana jedhi: ‘Harka kee isa ulee ittiin qabatte lagicha irratti, boʼoowwan Laga Abbayyaa irrattii fi caffeewwan irratti diriirsiitii raachawwan biyya Gibxii irratti akka baʼan godhi.’” 6 Kanaafuu, Aaron harka isaa bishaanota Gibxii irratti ni diriirse; raachawwanis ol baʼuu fi biyya Gibxii uwwisuu jalqaban. 7 Haa taʼu malee, luboonni falfaltoota taʼanis ogummaa isaanii isa dhokataadhaan wantuma kana fakkaatu raawwatan; isaanis raachawwan biyya Gibxii irratti akka baʼan ni godhan.+ 8 Achiis Faraʼoon Musee fi Aaroniin waamee, “Yihowaadhaaf aarsaa akka dhiheessaniif sabicha gadhiisuu waanan barbaaduuf, raachawwan sana anaa fi saba koo irraa akka balleessuuf Yihowaa naaf kadhadhaa”+ isaaniin jedhe. 9 Museenis Faraʼooniin, “Raachawwan kun si irraa, tajaajiltoota kee irraa, saba kee irraa fi manneen kee irraa akka balleeffaman akkan siif kadhadhu kan barbaaddu yoom akka taʼe atumti natti himi. Isaan Laga Abbayyaa keessatti qofa hafu” jedhe. 10 Yeroo kanatti inni, “Boru” isaan jedhe. Kanaafuu inni akkana jedhe: “Ati akka Waaqa keenya Yihowaa kan taʼe tokko illee akka hin jirre+ akka beektuuf, akkuma jette ni taʼa. 11 Raachawwan kun si irraa, manneen kee irraa, tajaajiltoota kee irraa fi saba kee irraa ni deemu. Isaan Laga Abbayyaa keessatti qofa hafu.”+
12 Kanaafuu, Musee fi Aaron Faraʼoon biraa ni baʼan; Museenis waaʼee raachawwan inni Faraʼoon irratti fide sanaa Yihowaa kadhate.+ 13 Yihowaanis akkuma Museen gaafate ni godhe; raachawwan sunis manneen, mooraawwanii fi dirreewwan keessatti duduʼuu jalqaban. 14 Isaanis iddoo hedduutti wal irra isaan tuulan; biyyattiinis ajaaʼuu jalqabde. 15 Faraʼoonis boqonnaa akka argate yommuu argu, garaan isaa didaa taʼe;+ akkuma Yihowaan jedhes isaan dhagaʼuu dide.
16 Yeroo kanatti Yihowaan Museedhaan, “Aaroniin, ‘Ulee kee diriirsiitii awwaara lafaa rukuti; innis guutummaa biyyattii keessatti bookee ni taʼa’ jedhi” jedhe. 17 Isaanis akkanuma ni godhan. Aaron harka isaa isa ulee ittiin qabate diriirsee awwaara lafaa rukute; bookeewwanis namaa fi horii irratti namʼan. Awwaarri lafa irraa hundis guutummaa biyya Gibxii keessatti bookee taʼe.+ 18 Luboonni falfaltoota taʼan ogummaa isaanii isa dhokataadhaan wantuma kana godhanii bookee uumuuf kan yaalan taʼus,+ hin dandeenye. Bookeewwan sunis namaa fi horii irratti namʼan. 19 Yeroo kanatti luboonni falfaltoota taʼan Faraʼooniin, “Kun quba Waaqayyoo ti!”+ jedhan. Faraʼoon garuu garaan isaa didaa taʼuu isaa itti fufe; akkuma Yihowaan jedhes isaan hin dhageenye.
20 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Ganama bariidhaan kaʼiitii Faraʼoon dura dhaabbadhu. Kunoo, inni gara bishaanichaatti gad ni buʼa! Atis akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Isaan akka na tajaajilaniif saba koo gadhiisi. 21 Saba koo hin gadhiistu taanaan garuu, ani si irratti, tajaajiltoota kee irratti, saba kee irrattii fi manneen kee irratti qarxaasaa* nan erga; manneen Gibxiis qarxaasaadhaan ni guutamu; lafa isaan* irra dhaabbatan illee ni uwwisu. 22 Guyyaa sanatti ani dhugumaan biyya Gooshen isa sabni koo keessa jiraatan sana addaan nan baasa. Achi keessa qarxaasaan hin jiraatu;+ kanaanis isin ani Yihowaan biyyattii keessa akkan jiru ni beektu.+ 23 Ani saba koo fi saba kee gidduu garaa garummaan akka jiraatu nan godha. Boru mallattoon kun ni raawwatama.”’”
24 Yihowaanis akkanuma ni godhe; tuutni qarxaasaa hedduun mana Faraʼoon, manneen tajaajiltoota isaa fi guutummaa biyya Gibxii weeraruu jalqabe.+ Biyyattiinis qarxaasaa sanaan kan kaʼe ni mancaate.+ 25 Dhuma irratti Faraʼoon Musee fi Aaroniin waamee, “Dhaqaatii biyyattii keessatti Waaqa keessaniif aarsaa dhiheessaa” isaaniin jedhe. 26 Museen garuu akkana jedhe: “Wanti Waaqa keenya Yihowaadhaaf aarsaa goonee dhiheessinu warra Gibxiitiif jibbisiisaa waan taʼeef,+ akkana gochuun keenya sirrii miti. Wanta warra Gibxiitiif jibbisiisaa taʼe ijuma isaanii duratti aarsaa goonee yoo dhiheessine, dhagaadhaan nu hin tumanii? 27 Adeemsa guyyaa sadii deemnee gara lafa onaa dhaquudhaan, akkuma inni nuun jedhe achitti Waaqa keenya Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessina.”+
28 Yeroo kanatti Faraʼoon, “Lafa onaa keessatti Waaqa keessan Yihowaadhaaf aarsaa akka dhiheessitaniif isin nan gadhiisa. Garuu fagaattanii deemuu hin qabdan. Anaafis kadhadhaa” jedhe.+ 29 Achiis Museen, “Amma ani si biraa deemee Yihowaa siif nan kadhadha; qarxaasaawwan sunis boru Faraʼoon irraa, tajaajiltoota isaa fi saba isaa irraa ni deemu. Faraʼoon garuu Yihowaadhaaf aarsaa akka dhiheessan sabicha gadhiisuu diduudhaan nutti taphachuu isaa dhiisuu qaba”+ jedhe. 30 Museenis Faraʼoon biraa ni baʼe; achiis Yihowaa kadhate.+ 31 Kanaafuu, Yihowaan akkuma Museen jedhe godhe; qarxaasaawwan sunis Faraʼoon irraa, tajaajiltoota isaa fi saba isaa irraa ni deeman. Qarxaasaan tokko illee hin hafne. 32 Haa taʼu malee, Faraʼoon ammas garaan isaa didaa taʼe; sabichas hin gadhiisne.
9 Kanaafuu, Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Gara Faraʼoon dhaqiitii akkana isaan jedhi: ‘Waaqa Ibrootaa kan taʼe Yihowaan akkana jedha: “Akka na tajaajilaniif saba koo gadhiisi.+ 2 Isaan gadhiisuu yoo diddee fi isaan dhowwuu kee yoo itti fufte garuu, 3 kunoo, harki Yihowaa+ horiiwwan kee warra dirree keessa jiran irratti ni dhufa. Fardeen, harroota, gaalota, loonii fi bushaayee irratti dhaʼichi guddaan ni dhufa.+ 4 Yihowaan dhugumaan horiiwwan Israaʼelii fi horiiwwan Gibxii gidduutti garaa garummaan akka jiraatu ni godha; wanta kan Israaʼelotaa taʼe keessaa homtuu hin duʼu.”’”+ 5 Kana malees, Yihowaan, “Boru ani Yihowaan biyyattii keessatti kana nan godha” jechuudhaan yeroo isaa murteesseera.
6 Yihowaanis guyyaa itti aanutti akkanuma ni godhe; akaakuun horii warra Gibxii hundis duduʼuu jalqaban;+ horii warra Israaʼel keessaa garuu tokko illee hin duune. 7 Faraʼoonis yommuu gaafatu, horiiwwan Israaʼel keessaa tokko illee akka hin duune hubate. Haa taʼu malee, Faraʼoon garaan isaa didaa taʼuu isaa itti fufe; sabichas hin gadhiisne.+
8 Sana booda Yihowaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: “Lamaan keessan iyyuu iddoo ibiddaatii harka keessan guutuu cilaattii fudhadhaa; achiis Museen cilaattii sana Faraʼoon duratti qilleensa irratti haa bittinneessu. 9 Cilaattiin sunis guutummaa biyya Gibxii keessatti awwaara taʼa; achiis namaa fi horii guutummaa biyya Gibxii keessa jiru irratti dhiitoo malaa qabate ni taʼa.”
10 Kanaafuu, isaan iddoo ibiddaatii cilaattii fuudhanii Faraʼoon dura dhaabbatan; achiis Museen cilaattii sana qilleensa keessatti bittinneesse; innis namaa fi horii irratti dhiitoo malaa qabate taʼe. 11 Dhiitoon sun luboota falfaltoota taʼanii fi warra Gibxii hundumaa irratti waan baʼeef, luboonni falfaltoota taʼan sun dhiitoo sanaan kan kaʼe Musee dura dhaabbachuu hin dandeenye.+ 12 Haa taʼu malee, Yihowaan Faraʼoon garaan isaa didaa akka taʼu ni heyyame; akkuma Yihowaan Museetti himee turettis inni isaan hin dhageenye.+
13 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Ganama bariidhaan kaʼii Faraʼoon dura dhaabbadhuutii akkana isaan jedhi: ‘Waaqa Ibrootaa kan taʼe Yihowaan akkana jedha: “Akka na tajaajilaniif saba koo gadhiisi. 14 Ati guutummaa lafaa irratti kan akka kootii tokko illee akka hin jirre akka beektuuf,+ amma ani siin, tajaajiltoota kee fi saba kee akka rukutuuf dhaʼicha koo hundumaa nan erga. 15 Amma ani harka koo diriirsee sii fi saba kee dhaʼicha guddaadhaan rukutuu nan dandaʼan ture; atis lafa irraa haxaaʼamtee ni balleeffamta turte. 16 Haa taʼu malee, ati lubbuudhaan akka jiraattu kanan godhe, humna koo sitti argisiisuuf, akkasumas maqaan koo guutummaa lafaa irratti akka labsamu gochuufi.+ 17 Ati isaan gadhiisuu diduudhaan amma iyyuu saba koo irratti of tuulummaa argisiisaa jirtaa? 18 Kunoo, ani boru saʼaatii kanatti biyya Gibxii keessatti cabbiin baayʼee sodaachisaa taʼee fi erga biyyattiin hundeeffamtee jalqabee hamma ammaatti matumaa taʼee hin beekne akka roobu nan godha. 19 Kanaafuu, horiiwwan kee hundumaa fi wanta alaa qabdu hundumaa akka ol galchan dhaamsa ergi. Namnis taʼe horiin dirree keessatti argamee fi manatti hin galfamne kam iyyuu cabbiin sun yommuu isatti roobu ni duʼa.”’”
20 Tajaajiltoota Faraʼoon keessaa namni dubbii Yihowaa sodaate kam iyyuu hatattamaan tajaajiltoota isaa fi horiiwwan isaa gara manaatti ni galche; 21 taʼus namni dubbii Yihowaa hin qalbeeffanne kam iyyuu tajaajiltoota isaa fi horiiwwan isaa dirree keessatti dhiise.
22 Yihowaanis Museedhaan, “Guutummaa biyya Gibxii irratti, nama irratti, horii irrattii fi biqiltoota biyya Gibxii keessa jiran hundumaa irratti+ cabbiin akka buʼuuf+ harka kee gara samiitti diriirsi” jedhe. 23 Kanaafuu, Museen ulee isaa gara samiitti diriirse; achiis Yihowaan kakawwee fi cabbii ni erge; ibiddis* lafa irratti ni buʼe; Yihowaan biyya Gibxii irratti cabbiin roobuu isaa akka itti fufu ni godhe. 24 Cabbiin ni buʼe; cabbii sana gidduu immoo ifni ibiddaa jira ture. Cabbiin sun baayʼee ulfaataa ture; Gibxiin erga saba taatee jalqabees cabbiin akkanaa matumaa biyyattii irratti buʼee hin beeku.+ 25 Cabbichis nama irraa jalqabee hamma horiitti guutummaa biyya Gibxii keessatti wanta dirree irra jiru hundumaa ni rukute; biqiltoota hundumaa ni rukute; mukeetii dirree keessa jiran hundumaas ni caccabse.+ 26 Cabbiin biyya Gooshen isa Israaʼelonni keessa jiran qofa keessatti utuu hin buʼin hafe.+
27 Kanaafuu, Faraʼoon Musee fi Aaronitti ergee erga isaan waamsisee booda akkana isaaniin jedhe: “Amma ani cubbuu raawwadheera. Yihowaan qajeelaa dha; anii fi sabni koo garuu balleessaa qabna. 28 Kakawweenii fi cabbiin Waaqayyoo akka dhaabbatuuf Yihowaa kadhadhaa. Anis isin nan gadhiisa; isin sana booda as hin turtan.” 29 Museenis akkana isaan jedhe: “Ani magaalattii keessaa akkuman gad baʼeen, harka koo Yihowaa duratti nan diriirsa. Lafti kan Yihowaa taʼuu ishii akka beektuuf,+ kakawween sun ni dhaabbata; cabbiin sunis sana booda itti hin fufu. 30 Atii fi tajaajiltoonni kee garuu erga kun taʼee booda illee Yihowaa akka hin sodaanne nan beeka.”
31 Yeroo kanatti garbuun asheetee, talbaan immoo daraaree waan tureef, talbaa fi garbuun cabbichaan ni rukutaman. 32 Qamadii fi omboriin* garuu waqtiin isaanii waan hin geenyeef cabbichaan hin rukutamne. 33 Museenis magaalattii keessaa Faraʼoon biraa baʼee harka isaa Yihowaa duratti diriirse; kakawwee fi cabbichi ni dhaabbate; bokkaanis lafa irratti roobuu isaa ni dhiise.+ 34 Faraʼoonis bokkichi, cabbichii fi kakawwichi dhaabbachuu isaa yommuu argu, ammas cubbuu ni raawwate; innii fi tajaajiltoonni isaas garaan isaanii didaa taʼe.+ 35 Faraʼoon garaan isaa akkuma didaa taʼetti itti fufe; akkuma Yihowaan karaa Musee dubbatettis inni Israaʼelota hin gadhiisne.+
10 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Ani mallattoowwan koo kana isa duratti argisiisuuf jecha,+ innii fi tajaajiltoonni isaa garaan isaanii didaa akka taʼu waanan heyyameef,+ gara Faraʼoonitti ol seeni; 2 kunis ani warra Gibxii hammam cimsee akkan adabee fi mallattoowwan akkamii isaan duratti akkan raawwadhe ilmaan kee fi ilmaan ijoollee keetiitti akka himtuufi;+ isinis ani Yihowaa akkan taʼe dhugumaan ni beektu.”
3 Kanaafuu, Musee fi Aaron gara Faraʼoonitti ol seenanii akkana isaan jedhan: “Waaqa Ibrootaa kan taʼe Yihowaan akkana jedha: ‘Ati hamma yoomiitti naaf bitamuu didda?+ Akka na tajaajilaniif saba koo gadhiisi. 4 Saba koo gadhiisuu yoo didde garuu, kunoo, ani boru biyya kee keessatti awwaannisa nan fida. 5 Isaan lafattii ni uwwisu; lafattii arguunis hin dandaʼamu. Isa cabbii irraa isiniif hafe nyaatanii fixu; mukeetii keessan warra dirree keessatti biqilan hundumaas ni nyaatu.+ 6 Isaan manneen kee, manneen tajaajiltoota kee hundumaa fi manneen guutummaa biyya Gibxii keessa jiran keessa ni guutu; baayʼinni isaanii isa abbootiin kee fi abbootiin abbootii keetii biyya kana keessa jiraachuu erga jalqabanii kaasee hamma harʼaatti matumaa arganii hin beekne ni taʼa.’”+ Sana booda inni garagalee Faraʼoon biraa baʼee deeme.
7 Achiis tajaajiltoonni Faraʼoon, “Namichi kun hamma yoomiitti nu doorsisa?* Waaqa isaanii Yihowaa akka tajaajilaniif, namoota kana gadhiisi. Biyyi Gibxii mancaʼuu ishii ati amma iyyuu hin hubannee?” isaan jedhan. 8 Kanaafuu, Musee fi Aaron gara Faraʼoonitti ni deebifaman; innis, “Dhaqaatii Waaqa keessan Yihowaa tajaajilaa. Garuu, kan deeman eenyu faʼi?” isaaniin jedhe. 9 Museenis, “Nuti Yihowaadhaaf ayyaana waan kabajnuuf,+ dargaggoota keenya, maanguddoota keenya, ijoollee dhiiraa keenya, ijoollee durbaa keenya, hoolota keenyaa fi loon keenya fudhannee deemna” jedhe.+ 10 Innis akkana isaaniin jedhe: “Ani isinii fi ijoollee keessan yoon gadhiise, Yihowaan dhugumaan isinii wajjin jira jechuu dha!+ Isin wanta hamaa tokko raawwachuu akka yaaddan beekamaa dha. 11 Hin taʼu! Warri dhiiraa qofti deemtanii Yihowaa tajaajiluu dandeessu; wanti isin gaafattanis kanuma.” Achiis isaan Faraʼoon duraa ni baafaman.
12 Yihowaanis Museedhaan, “Awwaannisni biyya Gibxii irratti dhufee biqiltoota biyyattii hundumaa fi wanta cabbicha irraa hafe hundumaa nyaatee akka fixuuf, harka kee biyya Gibxii irratti diriirsi” jedhe. 13 Museenis yeruma sana ulee isaa biyya Gibxii irratti ni diriirse; achiis Yihowaan bubbeen bahaa guyyaa sanaa fi halkan sana guutuu biyyattii irratti akka bubbisu godhe. Yommuu bariʼus, bubbeen bahaa sun awwaannisa fide. 14 Awwaannisni sunis guutummaa biyya Gibxii irratti buʼe; guutummaa naannoo Gibxii irrattis ni qubate.+ Awwaannisni sun akka malee hamaa ture;+ sana dura awwaannisni hedduun hammana baayʼatu dhufee hin beeku; sana boodas awwaannisni hammana baayʼatu deebiʼee hin dhufu. 15 Isaanis guutummaa biyyattii ni uwwisan; biyyattiinis isaaniin kan kaʼe ni dukkanoofte; biqiltoota biyyattii hundumaa fi firiiwwan mukeetii hundumaa warra cabbii sana irraa hafan nyaatanii ni fixan; guutummaa biyya Gibxii keessatti mukeetii irrattis taʼe biqiltoota irratti baalli tokko illee hin hafne.
16 Kanaafuu, Faraʼoon hatattamaan Musee fi Aaroniin waamee akkana isaaniin jedhe: “Ani Waaqa keessan Yihowaa irrattis taʼe isin irratti cubbuu hojjedheera. 17 Amma maaloo, cubbuu koo kana qofa naaf dhiisaa; dhaʼicha duʼa fidu kana qofa akka ana irraa balleessuufis Waaqa keessan Yihowaa naaf kadhadhaa.” 18 Kanaafuu, inni* Faraʼoon biraa baʼee Yihowaa kadhate.+ 19 Achiis Yihowaan bubbeen sun kallattii isaa akka jijjiiru godhe; bubbeen sunis gara bubbee dhihaa baayʼee cimaa taʼetti jijjiiramee awwaannisa sana oofee gara Galaana Diimaatti geesse. Guutummaa naannoo biyya Gibxii keessattis awwaannisni tokko illee hin hafne. 20 Haa taʼu malee, Yihowaan Faraʼoon garaan isaa didaa akka taʼu ni heyyame;+ innis Israaʼelota hin gadhiisne.
21 Achiis Yihowaan Museedhaan, “Biyya Gibxii irratti dukkanni, jechuunis dukkanni cimaan waanuma harkaan qaqqabamu fakkaatu akka taʼuuf harka kee gara samiitti diriirsi” jedhe. 22 Museenis yeruma sana harka isaa gara samiitti diriirse; guutummaa biyya Gibxii keessattis guyyaa sadiif dukkanni cimaan ni taʼe.+ 23 Isaanis wal arguu hin dandaʼan turan; tokkoon isaanii illee guyyaa sadiif bakka jiran irraa kaʼuu hin dandeenye; Israaʼelonni hundi garuu bakka jireenyaa isaaniitti ifa ni argatu turan.+ 24 Achiis Faraʼoon Musee waamee, “Deemaa, Yihowaa tajaajilaa.+ Asitti kan hafu hoolota keessanii fi loon keessan qofa dha. Ijoolleen keessan illee isinii wajjin deemuu dandaʼu” isaan jedhe. 25 Museen garuu akkana isaan jedhe: “Aarsaawwanii fi aarsaawwan gubamanis sumatu nuuf qopheessa;* nutis Waaqa keenya Yihowaadhaaf isaan ni dhiheessina.+ 26 Horiiwwan keenyas nuu wajjin ni deemu. Horiiwwan keenya keessaa tokko tokko Waaqa keenya Yihowaa waaqeffachuuf waan itti fayyadamnuuf, akkasumas hamma achi geenyutti Yihowaa waaqeffachuuf maal akka dhiheessinu waan hin beekneef, horii* tokko illee asitti dhiisuu hin dandeenyu.” 27 Yihowaanis Faraʼoon garaan isaa didaa akka taʼu ni heyyame; Faraʼoonis isaan gadhiisuuf tole hin jenne.+ 28 Achiis, “Ija koo duraa badi! Guyyaa fuula koo itti argitutti waan duutuuf, lammata fuula koo arguuf akka hin yaalle” isaan jedhe. 29 Museenis, “Akkuma ati jette, ani lammata fuula kee arguuf hin yaalu” isaan jedhe.
11 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Ani Faraʼoonii fi Gibxii irratti dhaʼicha dabalataa tokko nan fida. Sana booda inni isin gadhiisa.+ Yommuu isin gadhiisus, inni dhugumaan asii ariʼee isin ni baasa.+ 2 Dhiironnii fi dubartoonni hundi olloota isaanii irraa faayawwan meetii fi warqii akka gaafatan sabichatti himi.”+ 3 Yihowaanis warra Gibxii duratti sabichaaf ulfina ni kenne. Kana malees, Museen iyyuu biyya Gibxii keessatti tajaajiltoota Faraʼoonii fi sabicha gidduutti nama ulfina guddaa qabu taʼee ture.
4 Achiis Museen akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani gara halkan walakkaa biyya Gibxii keessa nan darba;+ 5 ilma angafaa Faraʼoon isa teessoo isaa irra taaʼee jiru sana irraa jalqabee hamma ilma angafaa garbittii ishii dhagaa daakuutiin daaktu sanaatti, ilmi angafaa biyya Gibxii keessa jiru hundi ni duʼa;+ horiiwwan warri jalqaba dhalatan hundis ni duʼu.+ 6 Iyyi guddaan kanaan dura matumaa taʼee hin beeknee fi sana booda matumaa hin taane guutummaa biyya Gibxii keessatti ni dhagaʼama.+ 7 Haa taʼu malee, Yihowaan warra Gibxii fi Israaʼelota gidduu garaa garummaan akka jiraatu gochuu akka dandaʼu akka beektaniif, Israaʼelotatti, namoota isaaniitti yookiin horiiwwan isaaniitti sareen illee hin duttu.’+ 8 Tajaajiltoonni kee hundis dhugumaan gara kootti gad buʼanii, ‘Atis taate namoonni si duukaa buʼan hundi deemaa’+ jedhanii anaaf ni sagadu. Achiis ani gad nan baʼa.” Sana booda inni baayʼee aaree Faraʼoon biraa baʼee deeme.
9 Achiis Yihowaan Museedhaan, “Dinqiiwwan koo biyya Gibxii keessatti akka baayʼataniif,+ Faraʼoon isin hin dhagaʼu” jedhe.+ 10 Musee fi Aaron dinqiiwwan kana hunda Faraʼoon duratti ni raawwatan;+ haa taʼu malee, Yihowaan Faraʼoon garaan isaa didaa akka taʼu waan heyyameef, inni Israaʼelota biyya isaa keessaa hin gadhiisne.+
12 Ammas Yihowaan biyya Gibxii keessatti Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 2 “Jiini kun jiʼa isa jalqabaa isiniif ni taʼa. Jiʼoota waggichaa keessaas jiʼa isa jalqabaa isiniif ni taʼa.+ 3 Akkana jedhiitii guutummaa yaaʼii Israaʼelitti dubbadhu: ‘Jiʼa kana keessaa guyyaa kurnaffaatti, tokkoon tokkoon isaanii mana abbaa isaaniitiif hoolaa+ tokko, jechuunis mana tokkoof hoolaa tokko haa fudhatan. 4 Maatichi hoolaa tokko nyaatee fixuu kan hin dandeenye yoo taʼe garuu, isaan ollaa isaanii isa isaanitti dhihoo jiruu wajjin akka lakkoofsa namoota* isaaniitti mana isaanii keessatti haa hiratan. Yommuu shallagdanittis tokkoon tokkoon namaa hoolicha irraa hammam akka nyaatu murteessaa. 5 Hoolaan sun mudaa kan hin qabnee+ fi xobbaallaa waggaa tokkoo taʼuu qaba. Xobbaallaa hoolaa yookiin reʼee keessaa filachuu dandeessu. 6 Jiʼa kana keessa hamma guyyaa 14ffaatti+ isa kunuunsaa; achiis guutummaan yaaʼii Israaʼel yeroo dimimmisaaʼu* isa haa qalu.+ 7 Achiis dhiiga isaa irraa muraasa fudhatanii maqaanii lamaan irrattii fi gubanii balbala manichaa isa hoolicha keessatti nyaatan sanaa irratti haa facaasan.+
8 “Isaan foonicha galgaluma kana haa nyaatan.+ Foonicha ibiddaan waadanii maxinoo+ fi baala hadhaaʼaadhaan+ haa nyaatan. 9 Foonicha irraa isa kam iyyuu dheedhii isaa yookiin affeelamaa isaa hin nyaatinaa; kanaa mannaa mataa isaa, luka isaa fi miʼa garaa isaa wajjin ibiddaan waadaa. 10 Foonicha irraa isa kam iyyuu hamma ganamaatti hin hambisinaa; foon hamma ganamaatti hafe kam iyyuu ibiddaan gubaa.+ 11 Qabattoo keessan hidhattanii,* kophee keessan kaaʼattanii, ulee keessanis harkatti qabattanii foonicha nyaachuu qabdu; saffisaan isa nyaachuu qabdu. Kun Faasikaa Yihowaa ti. 12 Sababiin isaas, halkan kana biyya Gibxii keessa nan darba; nama irraa jalqabee hamma horiitti angafa biyya Gibxii keessa jiru hundumaas nan rukuta;+ waaqolii warra Gibxii hundumaa irrattis murtii nan dabarsa.+ Ani Yihowaa dha. 13 Dhiigni sun manneen isin keessa jirtan irratti mallattoo isiniif ni taʼa; anis dhiigicha ilaalee isin bira nan darba; yommuun biyya Gibxii rukututtis dhaʼichi sun dhufee isin hin balleessu.+
14 “‘Guyyaan kun yaadannoo isiniif ni taʼa; guutummaa dhaloota keessanii keessattis akka ayyaana Yihowaatti isa kabajaa. Akka dambii dhaabbataatti isa kabajaa. 15 Guyyaa torbaaf maxinoo ni nyaattu.+ Eeyyee, guyyaa jalqabaatti bukoo raacitii qabu manneen keessan keessaa ni balleessitu; sababiin isaas, namni* guyyaa jalqabaatii kaasee hamma guyyaa torbaffaatti wanta raacitii qabu nyaatu kam iyyuu Israaʼel keessaa ni balleeffama.* 16 Guyyaa jalqabaatti walgaʼii qulqulluu ni godhattu; guyyaa torbaffaatti immoo walgaʼii qulqulluu kan biraa ni godhattu. Guyyoota kanatti hojiin akkamii iyyuu hojjetamuu hin qabu.+ Wanta tokkoon tokkoon namaa* nyaatu qofa qopheessaa.
17 “‘Ani raayyaa keessan biyya Gibxii keessaa kanan baasu guyyaa kanatti waan taʼeef, isin yeroo hunda Ayyaana Maxinoo kabajuu qabdu.+ Guyyaa kanas guutummaa dhaloota keessanii keessatti akka dambii dhaabbataatti kabajaa. 18 Jiʼa isa jalqabaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 14ffaa galgalaa jalqabee, hamma jiʼicha keessaa guyyaa 21ffaa galgalaatti maxinoo ni nyaattu.+ 19 Guyyaa torbaaf bukoon raacitii qabu manneen keessan keessatti hin argamin; sababiin isaas, namni biyya ormaas taʼe lammiin biyyattii+ kam iyyuu wanta raacitii qabu yoo nyaate, namni* sun yaaʼii Israaʼel gidduudhaa ni balleeffama.*+ 20 Wanta raacitii qabu kam iyyuu hin nyaatinaa. Kanaa mannaa, manneen keessan hundumaa keessatti maxinoo ni nyaattu.’”
21 Museenis yeruma sana jaarsolii Israaʼel+ hundumaa waamee akkana isaaniin jedhe: “Dhaqaa, maatiiwwan keessan hundumaatiif horiiwwan xobbaallaa taʼan* filadhaatii aarsaa Faasikaa qalaa. 22 Achiis dhiiga isa saanii keessa jiru keessa hidhaa hiisoophii tokko cuuphaatii gubanii balbalaa isa olii fi maqaanii lamaan irratti dhiigicha facaasaa; isin keessaa namni tokko illee hamma ganamaatti balbala mana isaa keessaa gad baʼuu hin qabu. 23 Achiis Yihowaan yommuu warra Gibxii dhaʼuuf darbutti, gubanii balbalaa isa olii fi maqaanii lamaan irratti dhiigicha yommuu argu, Yihowaan dhugumaan balbalicha bira ni darba; inni dhaʼichi duʼaa* sun gara manneen keessanitti akka seenu hin heyyamu.+
24 “Kana ofii keessanii fi ilmaan keessaniif akka dambii dhaabbataatti kabajaa.+ 25 Akkuma inni jedhetti, gara biyya Yihowaan isiniif kennutti yommuu galtan yeroo hundumaa ayyaana kana kabajuu qabdu.+ 26 Ilmaan keessanis, ‘Ayyaanni kun isiniif hiika maalii qaba?’ jedhanii yommuu isin gaafatan,+ 27 isin immoo, ‘Kun aarsaa Faasikaa Yihowaa ti; inni manneen Israaʼelotaa biyya Gibxii keessa turan bira darbee warra Gibxii rukuteera; manneen keenya garuu dhiiseera’ isaaniin jedhaa.”
Achiis uummatichi gombifamee sagade. 28 Kanaafuu, Israaʼelonni deemanii akkuma Yihowaan Musee fi Aaroniin ajaje godhan.+ Isaan akkanuma ni godhan.
29 Achiis halkan walakkaa Yihowaan ilma angafaa Faraʼoon isa teessoo isaa irra taaʼee jiru sana irraa jalqabee hamma ilma angafaa nama boojiʼamee mana hidhaa* jiru sanaatti angafa biyya Gibxii keessa jiru hundumaa ni rukute;+ horiiwwan warra jalqaba dhalatan hundumaas ni rukute.+ 30 Faraʼoonis halkan sana tajaajiltoota isaa hundumaa fi namoota Gibxii kaan hundumaa wajjin ni kaʼe; manni namni keessaa hin duune tokko illee waan hin turreef, warra Gibxii gidduutti iyyi guddaan ni dhagaʼama ture.+ 31 Innis yeruma sana halkanuma keessa Musee fi Aaroniin waamee+ akkana isaaniin jedhe: “Isinis taatan Israaʼelonni kaan kaʼaatii saba koo gidduudhaa deemaa. Akkuma jettanitti deemaatii Yihowaa tajaajilaa.+ 32 Akkuma jettanittis bushaayeewwan keessanii fi horiiwwan keessan fudhadhaa deemaa.+ Garuu anaanis eebbisaa.”
33 Warri Gibxiis, “Hin deemtan taanaan hundi keenya iyyuu duʼuu keenya dha!”+ jechuudhaan hatattamaan biyyattii keessaa akka baʼu sabicha mudduu jalqaban.+ 34 Kanaafuu, sabichi bukoo isaa isa hin bukoofne sana fudhatee, qoda bukoo* isaa uffata isaatiin maree gateettii isaatti baate. 35 Israaʼelonnis akkuma Museen isaanitti himetti, faayawwan meetii fi warqii, akkasumas uffata akka isaaniif kennan warra Gibxii ni gaafatan.+ 36 Yihowaan warra Gibxii duratti sabichaaf ulfina waan kenneef, wanta isaan gaafatan isaaniif ni kennan; isaanis warra Gibxii ni saaman.+
37 Achiis Israaʼelonni ijoollee utuu hin dabalatin dhiironni lafoon gara 600,000 taʼan+ Raamsees+ keessaa baʼanii gara Suukootitti+ qajeelan. 38 Uummanni walitti makame*+ hedduunis isaanii wajjin ni deeme; kana malees isaan bushaayeewwanii fi loon, jechuunis horiiwwan baayʼee hedduu taʼan fudhatanii deeman. 39 Bukoo isa biyya Gibxii keessaa fudhatanii baʼan sana utuu hin bukaaʼin maxinoo godhanii tolchan. Bukoon sun hin bukoofne ture; sababiin isaas, isaan yeruma sana biyya Gibxiitii akka baʼan waan godhamaniif ofii isaaniitiif galaa tokko illee hin qopheeffanne turan.+
40 Barri Israaʼelonni biyya Gibxii keessa itti jiraatan+ waggaa 430 ture.+ 41 Waggaan 430ni sun yeroo xumuramuttis, guyyuma kanatti, guutummaan saba* Yihowaa biyya Gibxii keessaa ni baʼe. 42 Halkan kun, halkan Yihowaan biyya Gibxii keessaa waan isaan baaseef kabajani dha. Guutummaan saba Israaʼel dhaloota isaanii hundumaa keessatti halkan kana Yihowaadhaaf ni kabaju.+
43 Achiis Yihowaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: “Dambiin Faasikaa kana dha: Namni biyya ormaa kam iyyuu isa irraa nyaachuu hin qabu.+ 44 Haa taʼu malee, namni tokko garbicha maallaqaan bitame yoo qabaate dhaqna isa haa qabu.+ Namni kun isa nyaachuu irratti hirmaachuu kan dandaʼu sana booda qofa dha. 45 Namni qubataanis taʼe namni mindeeffamee hojjetu isa irraa nyaachuu hin dandaʼu. 46 Hoolichi manuma tokko keessatti nyaatamuu qaba. Foonicha keessaa isa kam iyyuu manicha keessaa baasuu hin qabdan; lafee isaa keessaas isa kam iyyuu cabsuu hin qabdan.+ 47 Guutummaan yaaʼii Israaʼel ayyaanicha haa kabaju. 48 Namni biyya ormaa sii wajjin jiraatu Yihowaadhaaf Faasikaa kabajuu yoo barbaade, dhiirri kan isaa taʼe kam iyyuu dhaqna haa qabatu. Achiis ayyaanicha kabajuuf dhihaachuu dandaʼa; sana booda inni akka lammii biyyattii ni taʼa. Haa taʼu malee, dhiirri dhaqna hin qabanne kam iyyuu isa irraa nyaachuu hin dandaʼu.+ 49 Lammii biyyattiitiifis taʼe nama biyya ormaa isin gidduu jiraatuuf seeruma tokkotu hojii irra oola.”+
50 Kanaafuu, Israaʼelonni hundi akkuma Yihowaan Musee fi Aaroniin ajaje ni godhan. Isaan akkanuma ni godhan. 51 Guyyuma kanatti Yihowaan Israaʼelota hundumaa* biyya Gibxii keessaa ni baase.
13 Ammas Yihowaan akkana jedhee Museetti dubbate: 2 “Israaʼelota gidduudhaa dhiira angafa taʼe* hundumaa anaaf qulqulleessi.* Nama keessaas taʼe horii keessaa dhiirri jalqaba dhalatu kan koo ti.”+
3 Achiis Museen sabichaan akkana jedhe: “Yihowaan harka jabaadhaan asii waan isin baaseef,+ isin guyyaa biyya Gibxiitii, mana garbummaa jalaa itti baatan kana yaadadhaa.+ Kanaafuu, wanti raacitii qabu kam iyyuu nyaatamuu hin qabu. 4 Isin achii baatanii kan deemtan jiʼa Abiib* keessa guyyaa kanatti ture.+ 5 Yihowaan gara biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Hiiwotaa fi Yebuusotaa+ isa abbootii keetiif kennuuf kakatetti,+ jechuunis gara biyya aannanii fi damma maddisiistutti+ yommuu si galchu, jiʼa kanatti ayyaana kana kabajuu qabda. 6 Guyyaa torbaaf maxinoo ni nyaatta;+ guyyaa torbaffaattis ayyaanni Yihowaa ni kabajama. 7 Guyyaa torbaaf maxinoon ni nyaatama;+ wanti raacitii qabu tokko illee si biratti hin argamin;+ bukoon raacitii qabu guutummaa naannoo* kee keessatti si biratti hin argamin. 8 Guyyaa sanattis, ‘Kana kanan godhu, yommuu ani biyya Gibxiitii baʼetti wanta Yihowaan naaf godheen kan kaʼe dha’ jedhiitii ilma keetti himi.+ 9 Yihowaan harka jabaadhaan biyya Gibxii keessaa waan si baaseef, seerri Yihowaa afaan kee keessa akka taʼuuf, kun harka kee irratti akka mallattoo ni taʼa; adda kee irrattis* akka yaadannoo ni taʼa.+ 10 Waggaa waggaadhaan yeroo isaaf murteeffametti dambii kana eegi.+
11 “Yihowaan biyya Kanaʼaanotaa isa sii kennuuf sii fi abbootii keetiif kakatetti+ yommuu si galchu, 12 dhiira angafa taʼe* hundumaa, akkasumas horii qabdu keessaa kormaa jalqaba dhalate hundumaa Yihowaadhaaf adda baasi. Dhiironni kun kan Yihowaa ti.+ 13 Harree jalqaba dhalate hundumaa hoolaadhaan furi; yoo furuu baatte garuu morma isaa cabsi. Ilmaan kee keessaa isa angafa taʼe hundumaa furi.+
14 “Tarii yeroo booda ilmi kee, ‘Kun hiika maalii qaba?’ jedhee yoo si gaafate, ati immoo akkana jettee isatti himta: ‘Yihowaan harka jabaadhaan biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa nu baase.+ 15 Faraʼoon didaa taʼuudhaan nu gadhiisuu yommuu didetti,+ Yihowaan ilmaan angafaa namootaa irraa jalqabee hamma horii jalqaba dhalateetti, angafa biyya Gibxii keessa ture hundumaa ni ajjeese.+ Ani dhiirota angafa taʼan* hundumaa Yihowaadhaaf aarsaa kanan godhuu fi ilmaan koo keessaa warra angafa taʼan hundumaa kanan furu kanaafi.’ 16 Yihowaan harka isaa isa jabaadhaan biyya Gibxii keessaa waan nu baaseef, ayyaanni kun harka kee irrattii fi adda kee irratti* akka mallattoo ni taʼa.”+
17 Faraʼoon yeroo sabicha gadhiisetti, achiin dhihoo taʼus, Waaqayyo karaa gara biyya Filisxeemotaa geessuun isaan hin geggeessine. Waaqayyo akkana kan godhe, “Sabichi yommuu waraanni isaan mudatu yaada isaanii jijjiiranii gara biyya Gibxiitti deebiʼuu dandaʼu” jedhee waan yaadeef ture. 18 Kanaafuu, Waaqayyo sabichi karaa lafa onaa isa naannoo Galaana Diimaatti argamu sanaa irra naannaʼee akka deemu godhe.+ Haa taʼu malee, Israaʼelonni biyya Gibxii keessaa kan baʼan akka loltoonni waraanaaf tarree galanii baʼanitti ture. 19 Yoseef, “Waaqayyo dhugumaan xiyyeeffannaa isaa gara keessanitti ni deebisa; isinis lafee koo asii fuudhaatii baʼaa” jedhee ilmaan Israaʼel cimsee kaksiisee waan tureef, Museen lafee Yoseefis fuudhee baʼe.+ 20 Isaanis Suukoot keessaa baʼanii Eetaam isa qarqara lafa onaatti argamu buufatan.
21 Yihowaanis isaan guyyaa fi halkan deemuu akka dandaʼanitti,+ karicha irratti isaan geggeessuuf guyyaa utubaa duumessaatiin,+ halkan immoo ifa isaaniif kennuuf utubaa ibiddaatiin isaan dura deema ture. 22 Guyyaa guyyaa utubaan duumessaa sun, halkan halkan immoo utubaan ibiddaa sun sabicha duraa hin deemu ture.+
14 Ammas Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Israaʼelonni duubatti deebiʼanii Phihaahiroot fuuldura, Baʼaal Zefoonitti garagalanii Migdoolii fi galaanicha gidduu akka buufatan isaanitti himi.+ Isin isatti garagaltanii galaanicha bira ni buufattu. 3 Achiis Faraʼoon waaʼee Israaʼelotaa, ‘Isaan burjaajaʼanii biyyattii keessa jooraa jiru. Lafti onaan sunis isaanitti cufameera’ jedha. 4 Ani Faraʼoon garaan isaa didaa akka taʼu nan heyyama;+ innis isaaniin ni ariʼa; anis Faraʼoonii fi guutummaa raayyaa waraanaa isaatti fayyadamee ofii kootiif ulfina nan argadha;+ warri Gibxiis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni beeku.”+ Kanaafuu, isaan akkanuma ni godhan.
5 Boodas sabichi akka baqate mootii Gibxiitti himame. Faraʼoonii fi tajaajiltoonni isaas yeruma sana sabicha ilaalchisee yaada isaanii jijjiiranii,+ “Nuti akkana kan goone maaliifi? Israaʼelota warra garboota keenya taʼan kan gadhiisne maaliifi?” jedhan. 6 Kanaafuu, inni gaariiwwan fardaa isaa akka isaaf qopheessan ni godhe; namoota isaas ni fudhate.+ 7 Gaariiwwan fardaa filatamoo taʼan 600 fi gaariiwwan fardaa Gibxii kaan hundumaa ni fudhate; tokkoon tokkoon isaanii irras loltoonni jiru turan. 8 Akka kanaan Yihowaan mootii Gibxii kan taʼe Faraʼoon garaan isaa didaa akka taʼu ni heyyame; innis Israaʼelonni achii baʼanii sodaa malee* utuu deemaa jiranii isaan hordofuu jalqabe.+ 9 Warri Gibxii isaan hordofan;+ gaariiwwan fardaa Faraʼoon, abbootiin fardeenii isaa fi raayyaan waraanaa isaa hundis, utuma isaan Baʼaal Zefoonitti garagalanii galaanicha bira Phihaahiroot buufatanii jiranii isaan bira gaʼan.
10 Faraʼoon yommuu isaanitti dhihaatuttis, Israaʼelonni ol jedhanii warri Gibxii isaan ariʼaa akka jiran argan. Achiis Israaʼelonni sodaatanii gara Yihowaatti iyyuu jalqaban.+ 11 Museedhaanis akkana jedhan: “Nuti lafa onaa keessatti akka duunuuf asitti kan nu fidde biyya Gibxii keessa iddoon awwaalchaa waan hin jirreefii?+ Biyya Gibxii keessaa nu baastee wanti nu irratti raawwatte kun maali dha? 12 Yommuu biyya Gibxii keessa turretti, ‘Warra Gibxii akka tajaajilluuf nu dhiisi’ siin jennee hin turree? Lafa onaa keessatti duʼuu mannaa, warra Gibxii utuu tajaajillee nuu wayya ture.”+ 13 Achiis Museen sabichaan akkana jedhe: “Hin sodaatinaa.+ Jabaadhaa dhaabbadhaa; fayyina Yihowaan harʼa isiniif raawwatus ilaalaa.+ Sababiin isaas, namoota Gibxii warra harʼa argitan kana matumaa lammata hin argitan.+ 14 Yihowaan iyyuu ofuma isaatiin isiniif ni lola;+ isin calluma jedhaa dhaabbadhaa.”
15 Yeroo kanatti Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Gara kootti kan iyyitu maaliifi? Dunkaana isaanii buqqisanii akka deeman Israaʼelotatti himi. 16 Ati garuu Israaʼelonni lafa gogaa irra galaanicha gidduu akka ceʼaniif, ulee kee isa harka kee irra jiru galaanicha irratti diriirsiitii galaanicha gargar hiri. 17 Anis warri Gibxii isaan booda akka itti seenaniif garaan isaanii didaa akka taʼu nan heyyama; akka kanaan ani Faraʼoonittii fi raayyaa waraanaa isaa hundumaatti, gaariiwwan fardaa isaattii fi abbootii fardeenii isaatti fayyadamee ofii kootiif ulfina nan argadha.+ 18 Ani Faraʼoonitti, gaariiwwan fardaa isaattii fi abbootii fardeenii isaatti fayyadamee yommuun ofii kootiif ulfina argadhu, warri Gibxii ani Yihowaa akkan taʼe dhugumaan ni beeku.”+
19 Achiis maleekaan Waaqa dhugaa+ inni buufata Israaʼel dura deemaa ture sun achii kaʼee gara duuba isaanii dhaqe; utubaan duumessichaa inni isaan dura ture sunis gara duubaa deemee isaan duuba dhaabbate.+ 20 Kanaafuu, utubaan duumessaa sun buufata warra Gibxii fi buufata Israaʼelotaa gidduu ni taʼe.+ Duumessi sun karaa isa tokkoon dukkana taʼee ture; karaa kan biraatiin immoo halkan ifni akka jiraatu godhee ture.+ Kanaafuu, halkan sana guutuu buufanni inni tokko gara buufata isa kan biraatti hin dhihaanne.
21 Yeroo kanatti Museen harka isaa galaanicha irratti ni diriirse;+ Yihowaanis bubbeen bahaa cimaa taʼe halkan guutuu akka bubbisu gochuudhaan galaanicha duubatti deebise; lafti galaanichaas gogaa ni taʼe;+ galaanichis gargar hirame.+ 22 Kanaafuu, bishaanichi karaa mirgaa fi karaa bitaa isaanii akka girgiddaa taʼee utuma dhaabbatee jiruu,+ Israaʼelonni galaanicha gidduu lafa gogaa irra ni ceʼan.+ 23 Warri Gibxiis isaan duukaa buʼan; fardeen Faraʼoon, gaariiwwan fardaa isaa fi abbootiin fardeenii isaa hundis isaan duukaa buʼanii galaanicha gidduu seenuu jalqaban.+ 24 Halkan gara bariis* Yihowaan utubaa ibiddaa fi utubaa duumessaa sana keessaa buufata warra Gibxii ni ilaale;+ achiis buufanni warra Gibxii akka burjaajaʼu godhe. 25 Gaariiwwan fardaa isaanii oofuun rakkisaa akka isaanitti taʼuuf, inni geengoo gaariiwwan fardaa sana ni bubuqqise; warri Gibxiis, “Yihowaan, warra Gibxii isaaniif lolaa waan jiruuf, kottaa Israaʼelota jalaa haa baqannu” jedhan.+
26 Achiis Yihowaan Museedhaan, “Bishaanichi, warra Gibxii irratti, gaariiwwan fardaa isaanii warra waraanaaf tajaajilan irrattii fi abbootii fardeenii isaanii irratti akka deebiʼuuf, harka kee galaanicha irratti diriirsi” jedhe. 27 Museenis yeruma sana harka isaa galaanicha irratti diriirse; yommuu bariʼuuf jedhus, galaanichi akkuma isaa duriitti deebiʼe. Warri Gibxii irraa baqachuuf yommuu yaalanittis, Yihowaan warra Gibxii galaanicha gidduutti darbate.+ 28 Bishaanichi walitti deebiʼe sunis gaariiwwan fardaa waraanaa, abbootii fardeenii fi guutummaa raayyaa waraanaa Faraʼoon warra isaan duukaa gara galaanichaatti seenanii turan ni uwwise.+ Isaan keessaa namni tokko illee hin oolle.+
29 Israaʼelonni garuu bishaanichi karaa mirgaa fi karaa bitaa isaanii akka girgiddaa taʼee dhaabbatee utuu jiruu,+ galaanicha gidduu lafa gogaa irra ni deeman.+ 30 Akka kanaan Yihowaan guyyaa sanatti Israaʼelota harka warra Gibxii jalaa ni oolche;+ Israaʼelonnis qarqara galaanichaatti reeffa warra Gibxii argan. 31 Kana malees, Israaʼelonni humna* guddaa Yihowaan warra Gibxii rukutuuf itti fayyadame sana ni argan; sabichis Yihowaa sodaachuu, akkasumas Yihowaa irrattis taʼe tajaajilaa isaa Musee irratti amantii qabaachuu jalqabe.+
15 Yeroo sanatti Musee fi Israaʼelonni faarfannaa kana Yihowaadhaaf ni faarfatan:+
“Ulfinni isaa guddaa waan taʼeef Yihowaa nan faarfadha.+
Inni farda sanaa fi abbaa fardaa sana galaanichatti darbateera.+
2 Inni fayyina waan naaf taʼeef, Yaah* jabina koo fi guddina koo ti.+
Inni Waaqa koo ti, isa nan jajadha;+ Waaqa abbaa kootii ti,+ ol isa nan qaba.+
3 Yihowaan loltuu humna qabeessa taʼe dha.+ Maqaan isaa Yihowaa dha.+
4 Inni gaariiwwan fardaa Faraʼoonii fi raayyaa waraanaa isaa galaana keessatti darbateera;+
Loltoonni isaa warri gaggaariinis Galaana Diimaa keessatti liqimfamaniiru.+
5 Dhaʼaan bishaanii isaan uwwise; akkuma dhagaas gara iddoo gad fagootti liqimfamaniiru.+
6 Yaa Yihowaa, harki kee inni mirgaa humna guddaa qaba;+
Yaa Yihowaa, harki kee inni mirgaa diina caccabsuu dandaʼa.
7 Humna kee isa guddaadhaan warra si irratti kaʼan+ gad darbachuu dandeessa;
Dheekkamsa kee isa bobaʼaa ni ergita; innis akkuma agadaa midhaaniitti nyaatee isaan fixa.
8 Hafuura funyaan kee keessaa baʼuun bishaanonni walitti qabaman;
Bishaanonni akkuma girgiddaatti dhaabbatan.
Garaa galaanichaa keessattis dhaʼaan bishaanii ni itite.
9 Diinni akkana jedhe: ‘Ani isaan duukaa nan buʼa! Isaan nan dhaqqabas!
Hamman quufutti* boojuu nan hiradha!
Goraadee koo nan luqqifadha! Harki koos isaan ni injifata!’+
10 Ati hafuura kee yommuu baafattu, galaanichi isaan uwwise;+
Isaan akkuma sibiila ulfaataatti bishaan guddaa keessatti liqimfaman.
11 Yaa Yihowaa, waaqolii gidduudhaa kan akka keetii eenyu?+
Akka kee qulqullummaadhaan hundumaa irra kan caalu eenyu?+
Ati sodaatamuu fi jajamuu qabda; wantoota dinqisiisoo taʼanis situ raawwata.+
12 Ati harka kee isa mirgaa ni diriirsite, laftis isaan liqimsite.+
13 Jaalala kee isa amanamaadhaan saba isa furte+ ni geggeessite;
Jabina keetiin gara bakka jireenyaa kee isa qulqulluu taʼetti isaan qajeelchita.
Jiraattonni Kanaʼaan hundis abdii kutatu.+
16 Naasuu fi sodaan isaan irra buʼa.+
Yaa Yihowaa, hamma sabni kee darbutti,
Hamma sabni kee inni ati uumte+ darbutti,+
Irreen kee guddaa taʼuu isaatiin kan kaʼe isaan akkuma dhagaa kan hin sochoone taʼu.
17 Yaa Yihowaa, ati isaan fiddee gaara isa dhaala kee taʼe irratti,
Iddoo dhaabbataa isa ofii keetii keessa jiraachuuf qopheeffatte irratti,
Yaa Yihowaa, iddoo qulqulluu isa harki kee hundeesse irratti isaan ni dhaabda.+
18 Yihowaan mootii taʼee baraa hamma bara baraatti bulcha.+
19 Fardeen Faraʼoon, gaariiwwan fardaa isaa warri waraanaaf oolanii fi abbootiin fardeenii isaa yommuu gara galaanichaatti seenan,+
Yihowaan bishaan galaanichaa isaan irratti ni deebise,+
Sabni Israaʼel garuu galaanicha gidduu lafa gogaa irra ni ceʼe.”+
20 Achiis Miiriyaam raajittiin ishiin obboleettii Aaron taate dibbee fudhatte; dubartoonni hundis dibbee rukutaa fi shubbisaa ishii duukaa buʼan. 21 Miiriyaamis dhiirota jalaa qabdee akkana jettee faarfatte:
“Ulfinni isaa guddaa waan taʼeef Yihowaa faarfadhaa.+
Inni farda sanaa fi abbaa fardaa sana galaanichatti darbateera.”+
22 Boodas Museen Israaʼelota Galaana Diimaa biraa fuudhee deeme; isaanis gara lafa onaa Shuuritti qajeelan; guyyaa sadiifis lafa onaa keessa deeman; haa taʼu malee, isaan bishaan hin arganne. 23 Achiis isaan Maaraa* gaʼan;+ taʼus, bishaanichi hadhaaʼaa waan tureef bishaan Maaraa irraa dhuguu hin dandeenye. Inni maqaa isaa Maaraa jedhee kan moggaase kanaafi. 24 Kanaafuu sabichi, “Maal dhugna?” jedhee Musee irratti gungumuu jalqabe.+ 25 Museenis gara Yihowaatti iyye;+ Yihowaanis muka xinnoo tokko isatti argisiise. Yommuu mukicha gara bishaanichaatti darbatus, bishaanichi miʼaawaa taʼe.
Inni achitti dambii fi wanta murtiidhaaf buʼuura taʼu isaaniif ni hundeesse; akkasumas achitti isaan ni qore.+ 26 Akkana jedhe: “Ati dubbii Waaqa kee Yihowaa akka gaariitti yoo dhageesse, wanta isa duratti sirrii taʼe yoo raawwatte, ajajawwan isaatiif xiyyeeffannaa yoo kennitee fi dambiiwwan isaa hundumaa yoo eegde,+ dhukkubootan warra Gibxii irratti fide keessaa isa kam iyyuu sitti hin fidu;+ sababiin isaas, ani Yihowaan sin fayyisa.”+
27 Sana booda isaan gara Eeliim isa burqaawwan bishaanii 12 fi mukeetii meexxii 70 qabutti ni dhufan. Achittis bishaanicha bira buufatan.
16 Guutummaan yaaʼii Israaʼel biyya Gibxii keessaa baʼanii jiʼa lammaffaa isaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 15ffaatti, Eeliim keessaa erga baʼanii booda, dhuma irratti gara lafa onaa Siin isa Eeliimii fi Siinaa gidduu jiruu dhufan.+
2 Guutummaan yaaʼii Israaʼelis lafa onaa keessatti Musee fi Aaron irratti gungumuu jalqaban.+ 3 Israaʼelonni akkana isaaniin jedhu turan: “Biyya Gibxii keessatti distii foonii bira yeroo taaʼaa turrettii fi yeroo hamma quufnutti daabboo nyaachaa turretti harkuma Yihowaatiin utuu duuneerra taʼee nuu wayya ture.+ Ammas isin guutummaa gumii kanaa beelaan ajjeesuuf achii baastanii gara lafa onaa kanatti nu fiddan.”+
4 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Kunoo, ani samii irraa daabboo isiniif nan roobsa;+ sabichi tokkoon tokkoon isaanii gad baʼanii guyyaa guyyaadhaaf hamma isaan gaʼu walitti haa qabatan;+ kanaanis isaan seera kootiin deemuu fi dhiisuu isaanii nan qora.+ 5 Guyyaa jaʼaffaatti+ wanta walitti qaban sana yommuu qopheeffatanitti garuu, wanta guyyoota kaanitti walitti qaban irra dachaa haa taʼu.”+
6 Kanaafuu, Musee fi Aaron Israaʼelota hundumaan akkana jedhan: “Inni biyya Gibxii keessaa isin baase Yihowaa akka taʼe galgala kana dhugumaan ni beektu.+ 7 Yihowaan isa irratti gungumuu keessan waan dhagaʼeef, isin ganama ulfina Yihowaa ni argitu. Nu irratti kan gungumtan nuti eenyu?” 8 Museen itti fufuudhaan, “Galgala Yihowaan akka nyaattaniif foon yommuu isiniif kennuu fi akka quuftaniifis daabboo yommuu isiniif kennu, Yihowaan isin isa irratti gungumuu keessan akka dhagaʼe ni hubattu. Garuu nuti eenyu? Isin kan gungumtan nu irratti utuu hin taʼin Yihowaa irratti dha”+ isaaniin jedhe.
9 Achiis Museen Aaroniin, “‘Inni gungumuu keessan waan dhagaʼeef, Yihowaa duratti dhihaadhaa’ jedhiitii guutummaa yaaʼii Israaʼelitti himi” jedhe.+ 10 Aaron guutummaa yaaʼii Israaʼelitti dubbatee akkuma xumureenis, isaan gara lafa onaatti garagalan; kunoo, ulfinni Yihowaas duumessicha keessatti mulʼate.+
11 Ammas Yihowaan akkana jedhee Museetti dubbate: 12 “Ani Israaʼelonni gungumuu isaanii dhagaʼeera.+ ‘Yommuu dimimmisaaʼu* foon ni nyaattu; ganamas hamma quuftanitti daabboo ni nyaattu;+ isinis ani Waaqa keessan Yihowaa akkan taʼe dhugumaan ni beektu’ jedhiitii isaanitti himi.”+
13 Kanaafuu, galgala sana dimbiriqqeen* dhuftee buufaticha uwwiste;+ ganamas fixeensi wal irra tuulame guutummaa naannoo buufatichaa jira ture. 14 Fixeensi wal irra tuulame sun yommuu hurkettis, wanti haphiin baʼeessi cabbii fakkaatu+ lafa onaa sana irratti bubuʼee ture. 15 Israaʼelonnis yommuu isa argan, wanti kun maal akka taʼe waan hin beekneef, “Kun maali dha?” waliin jechuu jalqaban. Museenis akkana isaaniin jedhe: “Kun, nyaata Yihowaan akka nyaattan isiniif kenne dha.+ 16 Yihowaan, ‘Tokkoon tokkoon keessan hamma nyaachuu dandeessan walitti qabadhaa. Tokkoon tokkoon keessan hamma lakkoofsa namoota* dunkaana keessan keessa jiraniif gaʼu, tokkoon tokkoon namaatiif safartuu oomeerii* tokko+ fudhadhaa’ jedhee ajajeera.” 17 Israaʼelonnis akkanuma gochuu jalqaban; isas walitti ni qaban; tokko tokko baayʼee walitti qaban; tokko tokko immoo xinnuma walitti qaban. 18 Oomeeriidhaan yommuu safaranittis, inni baayʼee walitti qabe isa irraa hin hafne; inni xinnoo walitti qabes isatti hin hanqanne.+ Tokkoon tokkoon isaaniis hammuma nyaachuu dandaʼan walitti qabatan.
19 Achiis Museen, “Eenyu iyyuu hamma ganamaatti isa irraa homaa akka hin hambisne”+ isaaniin jedhe. 20 Isaan garuu Musee hin dhageenye. Namoonni tokko tokko hamma ganamaatti yommuu irraa hambisanitti inni ni raammaʼe, akkasumas ni ajaaʼe; Museenis isaanitti dheekkame. 21 Tokkoon tokkoon isaaniis hamma nyaachuu dandaʼan ganama ganama walitti ni qabu turan. Yommuu aduun hoʼituttis nyaatichi ni baqa ture.
22 Guyyaa jaʼaffaattis nyaata sana tokkoon tokkoon isaaniitiif harka lama,+ jechuunis safartuu oomeerii lama walitti qabatan. Kanaafuu, geggeessitoonni yaaʼii sanaa hundi dhufanii waaʼee kanaa Museetti himan. 23 Innis, “Kun wanta Yihowaan dubbate dha. Boru guyyaa guutummaatti itti boqotamu,* jechuunis Yihowaadhaaf sanbata qulqulluu ni taʼa.+ Wanta tolchuu qabdan tolchaa; wanta affeeluu qabdan affeelaa;+ wanta isa irraa hafe immoo hamma boru ganamaatti kaaʼadhaa” isaaniin jedhe. 24 Kanaafuu, isaan akkuma Museen isaan ajajetti hamma ganamaatti ni kaaʼatan; innis hin ajoofne, hin raammofnes. 25 Achiis Museen akkana isaaniin jedhe: “Guyyaan harʼaa sanbata Yihowaa waan taʼeef, isa kaaʼattan sana harʼa nyaadhaa. Guyyaa harʼaatti dirree irraa isa hin argattan. 26 Guyyaa jaʼaaf walitti ni qabattu, guyyaa torbaffaatti, jechuunis guyyaa Sanbataatti+ garuu homaa hin argattan.” 27 Namoonni tokko tokko garuu guyyaa torbaffaatti nyaaticha walitti qabachuuf kan baʼan taʼus homaa hin arganne.
28 Kanaafuu, Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Isin hamma yoomiitti ajajawwan koo fi seerawwan koo eeguu diddu?+ 29 Yihowaan Sanbata akka isiniif kenne yaadadhaa.+ Inni guyyaa jaʼaffaatti nyaata guyyaa lamaaf taʼu kan isiniif kennu kanaafi. Guyyaa torbaffaatti namni hundi bakkuma jiru haa taaʼu; eenyu iyyuu naannoo isaa gadhiisee deemuu hin qabu.” 30 Kanaafuu, sabichi guyyaa torbaffaatti Sanbata ni kabaje.*+
31 Manni Israaʼelis maqaa nyaata sanaa “mannaa”* jedhee moggaase. Nyaanni sun akkuma firii dimbilaalaa adii ture; dhandhamni isaas akka bixxillee dammaan tolfamee ture.+ 32 Achiis Museen akkana jedhe: “Yihowaan, ‘Isaan yommuun biyya Gibxii keessaa isin baasetti lafa onaa keessatti nyaata akka nyaattaniif ani isiniif kenne kana akka arganiif, isin nyaata sana irraa safartuu oomeerii tokko fudhadhaatii guutummaa dhaloota keessaniitiif kaaʼaa’ jedhee ajajeera.”+ 33 Kanaafuu Museen Aaroniin, “Hubboo* tokko fudhadhuutii mannaa safartuu oomeerii tokko achi keessatti naqi; guutummaa dhaloota keessaniitiif akka kaaʼamuufis Yihowaa dura isa kaaʼi” jedhe.+ 34 Akkuma Yihowaan Musee ajajettis, inni kaaʼamee akka turuuf Aaron Dhugaa Baatuu+ sana dura isa kaaʼe. 35 Israaʼelonni hamma biyya namni keessa jiraatu gaʼanitti,+ waggaa 40f mannaa ni nyaatan.+ Hamma daangaa biyya Kanaʼaan+ bira gaʼanittis mannaa nyaatan. 36 Oomeeriin tokko safartuu eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko dha.
17 Guutummaan yaaʼii Israaʼel akka ajaja Yihowaan kennetti+ bakka adda addaa buufachaa lafa onaa Siin+ keessaa baʼanii deeman; achiis Refiidim keessa buufatan.+ Haa taʼu malee, sabichi bishaan dhugu hin qabu ture.
2 Kanaafuu sabichi, “Bishaan dhugnu nuuf kenni” jedhanii Musee loluu jalqaban.+ Museen garuu, “Maaliif naan loltu? Maaliif Yihowaa qortu?”+ isaaniin jedhe. 3 Sabichis achitti akka malee bishaan waan dheeboteef, “Ati nuun, ilmaan keenyaa fi horiiwwan keenya dheebuudhaan ajjeesuuf biyya Gibxii keessaa maaliif nu baaste?” jedhee Musee irratti gungumuu isaa itti fufe.+ 4 Dhuma irrattis Museen, “Saba kana maal gochuun qaba? Isaan yeroo xinnoo booda dhagaadhaan na tumu!” jedhee gara Yihowaatti iyye.
5 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Jaarsolii Israaʼel tokko tokkoo fi ulee isa ittiin Laga Abbayyaa rukutte+ sana fudhadhuutii sabicha dura buʼii deemi. Ulicha harka keetti qabadhuutii qajeeli. 6 Kunoo, ani achitti qarsaa isa Horeeb keessatti argamu irratti si dura nan dhaabbadha. Qarsaa sana rukuti; bishaanis achi keessaa ni baʼa; sabichis ni dhuga.”+ Museenis jaarsolii Israaʼel duratti akkanuma godhe. 7 Israaʼelonni Musee waan lolaniif, akkasumas, “Yihowaan nu gidduu jira moo hin jiru?” jedhanii Yihowaa waan qoraniif,+ inni maqaa iddoo sanaa Maasaa*+ fi Mariibaa*+ jedhee moggaase.
8 Sana booda Amaaleqonni+ dhufanii Refiidimitti Israaʼelota irratti waraana banan.+ 9 Yeroo kanatti Museen Iyyaasuudhaan,+ “Namoota nuu filadhuutii Amaaleqota waraanuuf baʼi. Anis boru ulee Waaqa dhugaa harka kootti qabadhee fiixee tabbichaa irra nan dhaabbadha” jedhe. 10 Iyyaasuunis akkuma Museen isaan jedhe godhe;+ Amaaleqotas ni waraane. Museen, Aaronii fi Huuris+ gara fiixee tabbichaatti ol baʼan.
11 Museen yommuu harka isaa ol kaasee jirutti Israaʼelonni ni moʼu turan; akkuma inni harka isaa gad buusutti garuu Amaaleqonni ni moʼu turan. 12 Harki Musee yeroo dadhabettis isaan dhagaa fuudhanii isa jala kaaʼan; innis isa irra ni taaʼe. Achiis Aaronii fi Huur inni tokko garanaan inni tokko immoo garasiin taʼanii harka isaa ol utuban; kanaafuu, harki isaa hamma aduun lixxutti akkuma ol kaafametti ni ture. 13 Akka kanaan Iyyaasuun Amaaleqii fi saba isaa goraadeedhaan ni injifate.+
14 Yihowaanis Museedhaan, “‘Ani yaadannoo Amaaleq samii jalaa guutummaatti haxaaʼee nan balleessa’+ jedhiitii akka yaadannootti kitaaba keessatti barreessi, Iyyaasuuttis himi” jedhe. 15 Achiis Museen iddoo aarsaa tokko ni ijaare; maqaa isaas Yihowaa Nissi* jedhee moggaase; 16 kanas kan jedhe, “Harki isaa teessoo Yaah+ irratti waan kaʼeef, Yihowaan dhalootaa hamma dhalootaatti Amaaleqiin ni waraana”+ jechuudhaan ture.
18 Luba Miidiyaan kan taʼe Yetroon inni abbiyyuu Musee+ taʼe, wanta Waaqayyo Musee fi saba isaa Israaʼeliif raawwate hundumaa, akkasumas Yihowaan akkamitti Israaʼeliin Gibxii keessaa akka baase ni dhagaʼe.+ 2 Yetroon abbiyyuun Musee Sifooraa ishii haadha manaa Musee taatee fi Museen gara isaatti ishii erge sana 3 ilmaan ishii lamaanii+ wajjin fudhatee kaʼe. Museen, “Ani biyya ormaa keessatti nama biyya ormaa taʼeera” jechuudhaan maqaa ilma isaa isa tokkoo Geershom*+ jedhee moggaasee ture; 4 inni, “Waaqni abbaa kootii inni goraadee Faraʼoon+ irraa na oolche gargaaraa koo ti” jechuudhaan maqaa ilma isaa isa kan biraa immoo Eliiʼezar* jedhee moggaasee ture.
5 Yetroon abbiyyuun Musee, ilmaan Musee fi haadha manaa isaa wajjin gara Musee isa lafa onaa keessatti gaara Waaqa dhugaa+ bira buufatee jiru sanaa ni dhufe. 6 Achiis, “Ani Yetroon+ abbiyyuun kee haadha manaa tee fi ilmaan ishii lamaanii wajjin dhufeera” jedhee Museetti dhaame. 7 Museenis yeruma sana abbiyyuu isaa simachuuf gad baʼe; achiis ni sagade; isa ni dhungates. Lamaan isaaniis nagaa erga wal gaafatanii booda, gara dunkaanichaatti seenan.
8 Museenis wanta Yihowaan Israaʼeliif jedhee Faraʼoonii fi Gibxii irratti raawwate hundumaa,+ rakkoowwan karaa irratti isaan irra gaʼe hundumaa,+ akkasumas Yihowaan akkamitti akka isaan oolche abbiyyuu isaatti hime. 9 Yeroo kanatti Yetroon Yihowaan biyya Gibxii* jalaa isaan oolchuudhaan, wantoota gaggaarii inni Israaʼeliif godhe hundumaatti ni gammade. 10 Achiis akkana jedhe: “Yihowaan inni biyya Gibxii fi Faraʼoon jalaa isin oolche, inni sabicha toʼannaa biyya Gibxii jalaa oolche haa jajamu. 11 Wanta inni warra saba isaa irratti of tuulummaa argisiisan irratti raawwateen kan kaʼe, amma ani Yihowaan waaqolii kaan hunda irra akka caalu+ beekeera.” 12 Achiis Yetroon abbiyyuun Musee, aarsaa gubamuu fi aarsaawwan kan biroo Waaqayyoof ni fide; Aaronii fi jaarsoliin Israaʼel hundis abbiyyuu Musee wajjin Waaqa dhugaa duratti nyaata nyaachuuf ni dhufan.
13 Guyyaa itti aanutti Museen akkuma kanaan dura gochaa ture abbaa murtii taʼee sabicha tajaajiluuf ni taaʼe; sabichis ganamaa jalqabee hamma galgalaatti Musee dura dhaabbata ture. 14 Abbiyyuun Musee wanta inni sabichaaf gochaa jiru hundumaa yommuu argu, “Wanti ati sabichaaf gochaa jirtu kun maali dha? Guutummaan sabichaa ganamaa jalqabee hamma galgalaatti si dura kan dhaabbatuu fi ati immoo kophaa kee murtii kennuuf as kan teessu maaliifi?” isaan jedhe. 15 Museenis abbiyyuu isaatiin akkana jedhe: “Ani kana kanan godhu, sabichi Waaqayyoon gaafachuuf utuu wal irraa hin kutin gara koo waan dhufuufi. 16 Dhimmi tokko yeroo kaʼutti dhimmichi gara koo ni dhufa; anis murtoo nan kenna; murtii Waaqa dhugaa fi seerawwan isaas nan beeksisa.”+
17 Abbiyyuun Musees akkana isaan jedhe: “Wanti ati gochaa jirtu kun gaarii miti. 18 Atis taate sabni sii wajjin jiru kun akka dadhabdan beekamaa dha; sababiin isaas kun siif baʼaa ulfaataa dha; kophaa kee baachuus hin dandeessu. 19 Egaa na dhagaʼi. Ani sin gorsa; Waaqayyos sii wajjin ni taʼa.+ Ati Waaqa dhugaa duratti bakka buʼaa sabichaa ni taata;+ dhimmoota isaaniis gara Waaqa dhugaatti ni fidda.+ 20 Waaʼee dambiiwwanii fi seerawwan sanaa isaanitti himi;+ daandii isaan irra deemuu qabanii fi hojii isaan hojjechuu qabanis isaan beeksisi. 21 Ati garuu sabicha keessaa namoota gaʼumsa qabanii+ fi Waaqayyoon sodaatan, akkasumas namoota amanamoo buʼaa sirrii hin taane jibban+ filadhuutii ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaa fi ajajjoota kudhanii godhii isaan irratti muudi.+ 22 Yommuu dhimmi tokko kaʼu* isaan sabichaaf murtii ni kennu; dhimmoota ulfaatoo taʼan hundumaa gara keetti ni fidu;+ dhimmoota xixinnoo taʼan hundumaa garuu isaantu murteessa. Isaan sii wajjin baʼaa sana akka hirmaatan gochuudhaan, baʼaan akka siif salphatu godhi.+ 23 Ati akkuma ajaja Waaqayyootti ilaaltee wanta kana yoo goote, dhiphina si irra gaʼu dandamachuu dandeessa; namni hundis gammadee gara mana isaatti deebiʼa.”
24 Museenis yeruma sana abbiyyuu isaa dhagaʼee, wanta inni isaan jedhe hundumaa ni raawwate. 25 Museen guutummaa Israaʼel keessaa namoota gaʼumsa qaban filatee ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaa fi ajajjoota kudhanii godhee sabicha irratti isaan muude. 26 Kanaafuu, yommuu dhimmi tokko kaʼu isaan sabichaaf murtii ni kennu turan. Dhimma ulfaataa taʼe gara Museetti fidu turan;+ dhimma salphaa taʼe hundumaa garuu isaantu murteessa ture. 27 Sana booda Museen abbiyyuu isaa ni geggeesse;+ innis karaa isaa irra buʼee gara biyya isaatti qajeele.
19 Israaʼelonni biyya Gibxiitii baʼanii jiʼa sadaffaa isaatti, guyyuma sanatti gara lafa onaa Siinaa ni dhufan. 2 Isaan Refiidimii+ baʼanii gara lafa onaa Siinaa dhufanii, lafa onaa keessa buufatan. Israaʼelonni achuma gaaricha fuuldura buufatan.+
3 Achiis Museen gara Waaqa dhugaatti ol baʼe; Yihowaanis gaaricha irraa isa waamee+ akkana isaan jedhe: “Mana Yaaqoobiin, jechuunis Israaʼelotaan akkana jedhi: 4 ‘Qoochoo* risaatti isin baadhee gara ofii kootti isin fiduuf,+ wantan warra Gibxii irratti raawwadhe isinumti iyyuu argitaniittu.+ 5 Ammas isin of eeggannoodhaan sagalee kootiif yoo ajajamtanii fi kakuu koo yoo eegdan, guutummaan lafaa kan koo waan taateef,+ isin dhugumaan saboota hundumaa keessaa anaaf qabeenya addaa* ni taatu.+ 6 Isin anaaf mootummaa lubootaa fi saba qulqulluu ni taatu.’+ Wantoota kana Israaʼelotatti dubbadhu.”
7 Kanaafuu, Museen deemee jaarsolii sabichaa walitti qabuudhaan, wantoota Yihowaan isa ajaje kana hundumaa isaanitti hime.+ 8 Sana booda sabichi sagalee tokkoon, “Wanta Yihowaan dubbate hundumaa gochuudhaaf fedhii qabna”+ jedhan. Museenis yeruma sana deebii sabichi kenne fudhatee gara Yihowaa deeme. 9 Yihowaanis Museedhaan, “Yeroo ani sii wajjin dubbadhu sabichi akka dhagaʼuuf, akkasumas yeroo hundumaa si irrattis amantii akka qabaatuuf, kunoo, ani duumessa gurraacha keessa gara kee nan dhufa” jedhe. Achiis Museen wanta sabichi dubbate Yihowaatti hime.
10 Yihowaanis Museedhaan akkana jedhe: “Gara sabichaa dhaqiitii harʼaa fi boru isaan qulqulleessi; isaanis uffata isaanii haa miiccatan. 11 Guyyaa sadaffaatti Yihowaan guutummaan sabichaa utuma ilaaluu Gaara Siinaa irratti waan gad buʼuuf, isaan guyyaa sadaffaadhaaf haa qophaaʼan. 12 Guutummaa naannoo isaattis sabichaaf daangaa godhiitii akkana jedhii isaanitti himi: ‘Gaarichatti akka ol hin baane yookiin daangaa isaa akka hin tuqne of eeggadhaa. Namni gaaricha tuqu kam iyyuu dhugumaan ni ajjeefama. 13 Harki kam iyyuu nama sana tuquu hin qabu; kanaa mannaa inni dhagaadhaan haa tumamu yookiin haa waraanamu.* Namnis taʼe horiin lubbuudhaan hin jiraatin.’+ Sagaleen xurumbaa*+ yeroo dhagaʼamu garuu, isaan gara gaarichaatti ol baʼuu dandaʼu.”
14 Achiis Museen gaaricha irraa buʼee gara sabichaa dhaqee sabicha qulqulleessuu jalqabe; isaanis uffata isaanii ni miiccatan.+ 15 Sabichaanis, “Guyyaa sadaffaadhaaf qophaaʼaa. Saalqunnamtii raawwachuu irraas of qusadhaa”* jedhe.
16 Guyyaa sadaffaattis ganama kakawwee fi bakakkaan ni taʼe; gaaricha irrattis duumessi cimaan jira ture;+ sagaleen xurumbaa guddaanis ni dhagaʼame; namoonni buufaticha keessa jiran hundis hollachuu jalqaban.+ 17 Museenis isaan Waaqa dhugaa wajjin akka wal arganiif sabicha buufata sana keessaa fuudhee baʼe; isaanis gaaricha jalatti iddoo isaanii qabatan. 18 Yihowaan ibidda keessaan achi irratti waan buʼeef, guutummaan Gaara Siinaa ni aare;+ aarri isaas akkuma aara iddoo ibiddaa* keessaa baʼuu ol ni baʼa ture; guutummaan gaarichaas akka malee sochoʼa ture.+ 19 Sagaleen xurumbaa sanaa ittuma dabalaa yeroo deemutti Museen ni dubbata ture; sagaleen Waaqa dhugaas isaaf ni deebisa ture.
20 Kanaafuu, Yihowaan Gaara Siinaa irratti gara fiixee gaarichaatti gad ni buʼe. Achiis Yihowaan gara fiixee gaarichaatti Musee waame; Museenis ol ni baʼe.+ 21 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Gad buʼiitii sabichi Yihowaa ilaaluuf jecha as dhihaachuuf akka hin yaalle isaan akeekkachiisi; taʼuu baannaan garuu hedduun isaanii ni dhumu. 22 Yihowaan akka isaan hin rukunneef,+ luboonni warri yeroo yeroodhaan gara Yihowaatti dhihaatanis of haa qulqulleessan.” 23 Achiis Museen Yihowaadhaan, “Ati, ‘Naannoo gaarichaatti daangaa godhi; isas qulqulleessi’ jettee waan nu akeekkachiisteef, sabichi gara Gaara Siinaatti ol baʼuu hin dandaʼu” jedhe.+ 24 Yihowaan garuu, “Dhaqi gad buʼiitii Aaronii wajjin deebiʼii ol kottu; haa taʼu malee, inni akka isaan hin rukunneef, luboonnii fi sabichi daangaa sana darbanii gara Yihowaatti akka ol hin dhufne isaan dhowwi” isaan jedhe.+ 25 Museenis gara sabichaatti gad buʼee wanta Waaqayyo jedhe isaanitti hime.
20 Achiis Waaqayyo dubbii kana hundumaa ni dubbate:+
2 “Ani Waaqa kee Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa si baase dha.+ 3 Ana biratti* waaqolii kan biroo akkamii iyyuu hin qabaatin.+
4 “Wanta ol gubbaa samii keessa jiru yookiin gad lafa irra jiru yookiin lafa jala bishaan keessa jiru kam iyyuu fakkeessitee ofii keetiif fakkii bocame yookiin fakkii kan biraa hin tolfatin.+ 5 Ati isaaniif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin;+ sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu,+ akkasumas warra isa jibban cubbuu abbootiitiif ilmaan irratti, dhaloota sadaffaa irrattii fi dhaloota arfaffaa irratti adaba fidu dha; 6 warra na jaallatanii fi ajajawwan koo eeganiif garuu, Waaqa hamma dhaloota kumaatti jaalala amanamaa argisiisu dha.+
7 “Yihowaan isa maqaa isaa akkasumaan dhaʼu utuu hin adabin waan hin dhiisneef,+ ati maqaa Waaqa kee Yihowaa akkasumaan hin dhaʼin.+
8 “Guyyaa Sanbataa qulqulluu gootee eeguu hin dagatin.+ 9 Guyyaa jaʼaaf hojii kee fi wantoota raawwattu hundumaa raawwadhu;+ 10 guyyaan torbaffaan garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf sanbata dha. Ati yookiin ilmi kee yookiin intalli tee yookiin garbichi kee yookiin garbittiin tee yookiin beeladni kee yookiin namni biyya ormaa gandeen* kee keessa jiraatu hojii akkamii iyyuu hin hojjetinaa.+ 11 Sababiin isaas, Yihowaan guyyaa jaʼa keessatti samii, lafa, galaanaa fi wantoota isaan keessa jiran hundumaa erga uumee booda, guyyaa torbaffaatti boqochuu jalqabeera.+ Yihowaan guyyaa Sanbataa kan eebbisee fi qulqulluu kan godhe kanaafi.
12 “Biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessatti bara dheeraa akka jiraattuuf,+ abbaa kee fi haadha tee kabaji.+
13 “Hin ajjeesin.+
15 “Hin hatin.+
16 “Nama irratti sobaan ragaa hin baʼin.+
17 “Mana namaa hin hawwin. Haadha manaa namaa+ yookiin garbicha isaa yookiin garbittii isaa yookiin qotiyyoo isaa yookiin harree isaa yookiin wanta kan isaa taʼe kam iyyuu hin hawwin.”+
18 Guutummaan sabichaa sagalee kakawwee fi sagalee xurumbaa ni dhagaʼe; akkasumas bakakkaa sanaa fi aara gaarichaa ni arge; kunis akka hollatanii fi fagaatanii akka dhaabbatan isaan godhe.+ 19 Kanaafuu isaan Museedhaan, “Ati nuu wajjin dubbadhu; nutis ni dhageenya; garuu akka nuti sodaadhaan hin duuneef, Waaqayyo akka nutti dubbatu hin godhin” jedhan.+ 20 Museenis sabichaan, “Hin sodaatinaa; Waaqni keessan kan dhufe isa sodaachuu keessan itti fufuudhaan akka isin cubbuu hin hojjenne+ isin qoruufi”+ jedhe. 21 Kanaafuu, sabichi akkuma fagaatee dhaabbatetti jira ture; Museen garuu duumessa gurraacha iddoo Waaqni dhugaan jiru sanatti ni dhihaate.+
22 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Israaʼelotaan akkana jedhi: ‘Ani samii irraa akkan isinitti dubbadhe isinumti iyyuu argitaniittu.+ 23 Isin ana biratti meetii irraa waaqolii hin tolfatinaa; warqii irraas ofii keessaniif waaqolii hin tolfatinaa.+ 24 Ati dhoqqee irraa iddoo aarsaa anaaf ni ijaarta; achi irrattis aarsaawwan kee warra gubaman, aarsaawwan gamtaa* kee, bushaayee kee fi horii kee aarsaa gootee ni dhiheessita. Bakka ani maqaan koo akka yaadatamu godhu hundumaatti,+ gara kee nan dhufa; akkasumas sin eebbisa. 25 Ati dhagaa irraa iddoo aarsaa yoo naaf ijaarte, dhagoota meeshaadhaan soofamaniin* hin ijaarin.+ Sababiin isaas, isa tolchuuf qirixii keetti yoo fayyadamte, dhagicha ni xureessita. 26 Qullaan kee achi irratti akka hin mulʼanneef, kortoodhaan iddoo aarsaa kootti ol hin baʼin.’
21 “Heerawwan ati isaaniif dabarsitu kanneen kana dha:+
2 “Garba Ibricha taʼe yoo bitatte,+ waggaa jaʼaaf garba taʼee si tajaajila; waggaa torbaffaatti garuu homaa utuu hin kaffalin bilisa haa baʼu.+ 3 Kophaa isaa yoo dhufe, kophaa isaa haa deemu. Haadha manaa yoo qabaate garuu, haati manaa isaas isaa wajjin deemuu qabdi. 4 Gooftaan isaa haadha manaa yoo isaaf kenne, ishiinis ijoollee dhiiraa yookiin ijoollee durbaa yoo isaaf deesse, haati manaa isaa fi ijoolleen ishii kan gooftaa ishii ni taʼu; inni garuu kophaa isaa haa deemu.+ 5 Haa taʼu malee, garbichi sun irra deddeebiʼee, ‘Ani gooftaa koo, haadha manaa tiyyaa fi ijoollee koo nan jaalladha; bilisa baʼuus hin barbaadu’+ yoo jedhe, 6 gooftaan isaa Waaqa dhugaa duratti isa haa dhiheessu. Achiis gooftaan isaa gara balbalaatti yookiin gara maqaanii balbalaatti isa fidee mutaadhaan gurra isaa haa uru; innis umurii isaa guutuu garbicha isaa ni taʼa.
7 “Namni tokko intala isaa akka garbittiitti yoo gurgure; ishiin akkaataa garbichi tokko bilisa itti baʼutti bilisa hin baatu. 8 Gooftaan ishii yoo ishiitti gammaduu baatee fi akka saajjatootti* ishii fudhachuu dhiisee nama ishii bitatu* kan barbaadu yoo taʼe, inni waan ishii ganeef namoota biyya ormaatti ishii gurguruuf mirga hin qabu. 9 Inni ilma isaatiif yoo ishii filate, mirgawwan intalli argachuu qabdu ishiidhaaf haa kennu. 10 Haadha manaa kan biraa yoo fuudhes, nyaata, uffataa fi wanta haadha manaatiif godhamuu qabu haadha manaa isaa ishii jalqabaa jalaa hirʼisuu hin qabu.+ 11 Wantoota sadan kana ishiidhaaf hin raawwatu taanaan, ishiin maallaqa akkamii iyyuu utuu hin kaffalin bilisa haa baatu.
12 “Namni rukutee nama ajjeese kam iyyuu haa ajjeefamu.+ 13 Garuu namichi kana kan godhe utuu itti hin yaadin yoo taʼee fi Waaqni dhugaanis kun akka taʼu yoo heyyame, bakka inni itti baqatu siif nan qopheessa.+ 14 Namni tokko akka malee nama kan biraatti aaree, taʼe jedhee yoo isa ajjeese,+ iddoo aarsaa kootii yoo taʼe illee nama sana baasiitii ajjeesi.+ 15 Namni abbaa isaa yookiin haadha isaa rukutu haa ajjeefamu.+
16 “Namni kam iyyuu ukkaamsee nama fudhatee+ yoo gurgure yookiin namni sun harka isaa irratti yoo argame+ namichi haa ajjeefamu.+
17 “Namni abbaa isaa yookiin haadha isaa abaaru kam iyyuu haa ajjeefamu.+
18 “Namoonni yoo wal lolanii fi inni tokko isa kan biraa dhagaadhaan yookiin abootteedhaan* yoo rukute, namichis yoo duʼuu baatee fi siree irratti yoo hafe wanti raawwatamuu qabu kana dha: 19 Namichi kaʼuu fi uleedhaan gad baʼuu yoo dandaʼe, namni isa rukute adaba irraa bilisa haa taʼu. Inni yeroo namichi miidhame sun hojii isaa dhaabe irraa jalqabee hamma guutummaatti fayyutti jiru qofaaf kiisii haa kaffalu.
20 “Namni tokko garbicha isaa yookiin garbittii isaa uleedhaan yoo rukutee fi inni yookiin ishiin harka isaa irratti yoo duʼan, namichi haa adabamu.+ 21 Inni guyyaa tokko yookiin guyyaa lama yoo ture garuu, nama maallaqa gooftaa isaatiin bitame waan taʼeef, namichi adabamuu hin qabu.
22 “Namoonni utuu waldhaansoo wal qabanii dubartii ulfa taate yoo miidhan, ishiinis yeroo ishii malee yoo deesse,*+ garuu immoo namni duʼe* hin jiru yoo taʼe, inni balleesse sun miidhaa geessise sanaaf hamma abbaan manaa dubartittii isatti murteesse haa kaffalu; inni karaa abbootii murtii adaba sana haa kaffalu.+ 23 Namni duʼe jira taanaan garuu, bakka lubbuu lubbuu,+ 24 bakka ijaa ija, bakka ilkaanii ilkaan, bakka harkaa harka, bakka miilaa miila,+ 25 bakka gubuu gubuu, bakka madaa madaa, bakka rukuttaa rukuttaa kaffaluu qabda.
26 “Namni tokko ija garbicha isaa yookiin ija garbittii isaa rukutee yoo jaamse, bakka ija isaa garbicha sana bilisa haa baasu.+ 27 Inni ilkaan garbicha isaa yookiin ilkaan garbittii isaa rukutee yoo buqqise, bakka ilkaan isaa garbicha sana bilisa haa baasu.
28 “Qotiyyoon tokko dhiira tokko yookiin dubartii takka waraanee yoo ajjeese, qotiyyoon sun dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu;+ foon isaas hin nyaatamin; abbaan qotiyyoo sanaa garuu adaba irraa bilisa ni taʼa. 29 Haa taʼu malee, qotiyyoon tokko nama waraanuu kan amaleeffate yoo taʼee fi abbaan qotiyyoo sanaa akeekkachiisni isaaf kennamus inni akka eegamu yoo gochuu baate, qotiyyoon sunis dhiira tokko yookiin dubartii takka yoo ajjeese, qotiyyoon sun dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu; abbaan qotiyyoo sanaas haa ajjeefamu. 30 Furii* akka kaffalu yoo isatti murteeffame, inni wanta isa irratti murteeffame hundumaa bakka lubbuu isaa gatii furii godhee haa kaffalu. 31 Qotiyyoon sun ilma tokko yookiin intala takka yoo waraane, akkuma heera kanaatti abbaa qotiyyoo sanatti haa murteeffamu. 32 Qotiyyoon sun garbicha tokko yookiin garbittii takka yoo waraane, namichi gooftaa nama sanaatiif meetii sheeqilii* 30 haa kennu; qotiyyoon sunis dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu.
33 “Namni tokko boolla banee yookiin qotee utuu hin qadaadin dhiisuu isaatiin qotiyyoon yookiin harreen tokko yoo keessatti kufe, 34 abbaan boolla sanaa kiisii haa kaffalu.+ Inni gatii isaa abbaa horii sanaatiif haa kaffalu; horiin duʼe sunis kan isaa ni taʼa. 35 Qotiyyoon nama tokkoo qotiyyoo nama kaanii yoo miidhe, inni miidhames yoo duʼe, isaan qotiyyoo lubbuudhaan jiru sana gurguranii gatii isaa haa hiratan; horii duʼe sanas haa hiratan. 36 Yookiin qotiyyoon tokko nama waraanuu kan amaleeffate taʼuu isaatiin kan beekamu yoo taʼee fi abbaan isaa qotiyyoon sun akka eegamu yoo gochuu baate, bakka qotiyyoo qotiyyoo kennuudhaan kiisii haa kaffalu; inni duʼe immoo kan isaa ni taʼa.
22 “Namni tokko qotiyyoo yookiin hoolaa hatee yoo qale yookiin yoo gurgure, inni bakka qotiyyoo sanaa qotiyyoo shan, bakka hoolaa sanaa immoo hoolaa afur kiisii haa kaffalu.+
2 (“Hattuun+ tokko utuu cabsee seenuu rukutamee yoo duʼe, namni dhiiga isaatiin itti gaafatamu hin jiraatu. 3 Wanti kun erga aduun baatee booda yoo raawwatame garuu, namni isa ajjeese dhiiga isaatiin itti gaafatama.)
“Inni kiisii kaffaluu qaba. Homaa hin qabu taanaan, wanta hate sana kaffaluuf innumti haa gurguramu. 4 Qotiyyoos taʼe harree yookiin hoolaa wanti inni hate sun qabeenya isaa keessatti lubbuudhaan yoo argame, namichi wanta sana dachaa godhee kiisii haa kaffalu.
5 “Namni tokko horiiwwan isaa maasii yookiin maasii wayinii keessa utuu dheechisuu, maasii nama kan biraa akka dheedan yoo godhe, namichi maasii isaa yookiin maasii wayinii isaa irraa isa hundumaa caalu kennuudhaan kiisii haa kaffalu.
6 “Ibiddi kaʼee harangamaa* qabatee babalʼachuudhaan bissiin* midhaanii yookiin midhaan hin haamamne yookiin maasiin tokko akka gubatu yoo godhe, namichi ibidda qabsiise sun wanta gubate sanaaf kiisii haa kaffalu.
7 “Namni tokko namni kan biraan maallaqa yookiin miʼa akka isaaf kaaʼu yoo itti kennatee fi wantoonni kun mana namichaa keessaa yoo hataman, hattuun sunis yoo argame, wanta hate sana dachaa lama godhee kiisii haa kaffalu.+ 8 Hattuun sun yoo argamuu baate garuu, abbaan manichaa harka isaa miʼawwan namichaa irra kaaʼuu fi dhiisuu isaa beekuuf, Waaqa dhugaa duratti haa dhiheeffamu.+ 9 Qabeenya seeraan ala fudhatame hundumaa, jechuunis qotiyyoo, harree, hoolaa, uffata yookiin wanta bade kam iyyuu ilaalchisee namni tokko, ‘Kun kan koo ti!’ yoo jedhe, lamaan isaanii iyyuu dhimma isaanii Waaqa dhugaa duratti haa dhiheeffatan.+ Namni Waaqayyo yakkamaa akka taʼe itti murteesses wanta bade sana dachaa godhee namichaaf kiisii haa kaffalu.+
10 “Namni tokko harree yookiin qotiyyoo yookiin hoolaa yookiin beelada kam iyyuu akka isaaf eegu nama kan biraatti yoo kennatee fi horiin sun yoo duʼe yookiin baayʼee yoo miidhame yookiin namni tokko illee utuu hin argin oofamee yoo fudhatame, 11 namichi qabeenya nama sanaa irra harka isaa akka hin keenye Yihowaa duratti isaaf haa kakatu; abbaan qabeenyaa sunis wanta inni jedhe haa amanu. Namichis kiisii hin kaffalu.+ 12 Horiin sun isa jalaa yoo hatame garuu, namichi abbaa horii sanaatiif kiisii haa kaffalu. 13 Horii sana bineensi yoo ciccire immoo, namichi ragaadhaaf akka taʼutti isa haa fidu. Wanta bineensi ciccireef kiisii hin kaffalu.
14 “Haa taʼu malee, namni tokko nama kan biraa irraa horii tokko yoo ergifatee fi abbaan horii sanaa utuu bira hin jiraatin horiin sun miidhaa cimaan yoo irra gaʼe yookiin yoo duʼe, namichi isa ergifate sun kiisii kaffaluu qaba. 15 Abbaan horii sanaa isa bira yoo jiraate garuu, namichi kiisii hin kaffalu. Horiin sun kiraadhaan yoo fudhatame, gatiin kiraa sun kiisii taʼee kaffalama.
16 “Namni tokko durba hin kaadhimatamne sossobee ishii wajjin yoo ciise, ishiin haadha manaa isaa akka taatuuf gabbara haa kaffalu.+ 17 Abbaan ishii matumaa ishii isaaf kennuu yoo dide, namichi gatii gabbaraa sana haa kaffalu.
18 “Falfaltuun lubbuudhaan akka jiraattu hin godhin.+
19 “Namni horii wajjin saalqunnamtii raawwatu kam iyyuu mamii tokko malee haa ajjeefamu.+
20 “Yihowaadhaaf qofa malee namni waaqolii akkamiitiif iyyuu aarsaa dhiheessu hundi haa balleeffamu.+
21 “Isinis biyya Gibxii keessatti nama biyya ormaa waan turtaniif,+ ati nama biyya ormaa irratti daba hin raawwatin yookiin isa hin cunqursin.+
22 “Dubartii abbaan manaa irraa duʼe yookiin mucaa abbaa hin qabne* kam iyyuu hin cunqursinaa.+ 23 Ati yoo isa cunqursitee fi innis gara kootti yoo iyye, ani dhugumaan iyya isaa nan dhagaʼa;+ 24 aariin koo ni bobaʼa; anis goraadeedhaan isin nan ajjeesa; haadhotiin manaa keessan dubartoota abbaan manaa irraa duʼe ni taʼu; ijoolleen keessanis ijoollee abbaa hin qabne ni taʼu.
25 “Saba koo keessaa nama hiyyeessa* taʼee fi sii wajjin jiraatu tokkoof maallaqa yoo liqeessite, akka nama dhalaan liqeessuu isatti hin taʼin. Dhala isa hin kaffalchiisinaa.+
26 “Nama wanta tokko si irraa liqeeffateef qabsiisa gootee uffata isaa yoo qabatte,+ yommuu aduun lixxu uffaticha isaaf deebisi. 27 Sababiin isaas, uffanni inni of* irra buufatu kanuma qofa dha; taʼuu baannaan inni maal uffatee rafa?+ Ani gara laafessa* waanan taʼeef, inni yommuu gara kootti iyyu, dhugumaan isa nan dhagaʼa.+
28 “Waaqayyoon hin abaarin;+ geggeessaa* saba kee gidduu jirus hin abaarin.+
29 “Oomisha kee isa hedduu taʼee fi cuunfaa* kee isa irraa hafee dhangalaʼu irraa kennaa dhiheessuuf duubatti hin jedhin.+ Ilmaan kee keessaa isa angafaa anaaf ni kennita.+ 30 Qotiyyoo fi hoolaa kee ilaalchisee akkana godhi:+ Guyyaa torbaaf haadha isaa wajjin haa turu. Guyyaa saddeettaffaattis anaaf ni kennita.+
31 “Isin anaaf saba qulqulluu taʼaa;+ foon horii bineensi dirree keessatti ciccire kam iyyuu hin nyaatinaa.+ Foonicha sarootaaf darbadhaa.
23 “Oduu dhugaa hin taane hin babalʼisin.*+ Hamminaan ragaa baʼuudhaan nama hamaa hin deggerin.+ 2 Waan hamaa raawwachuuf namoota hedduu duukaa hin buʼin; namoota hedduu wajjin taʼuudhaaf* jettee sobaan ragaa baʼuudhaan haqa hin jalʼisin. 3 Namni hiyyeessa taʼe tokko yommuu falmii qabaatutti isaaf hin loogin.+
4 “Qotiyyoon yookiin harreen diina keetii badee utuu deemuu yoo argite, abbaa isaatiif deebisi.+ 5 Harreen nama si jibbu tokkoo akkuma feʼamee jirutti kufee yoo argite, callistee bira hin darbin. Horii sana irraa feʼumsa hiikuudhaan namicha gargaari.+
6 “Hiyyeessi si gidduu jiraatu tokko dhimma seeraa yeroo qabaatutti murtii isaa hin jalʼisin.+
7 “Himata* sobaa irraa fagaadhu; ani isa hamaa qajeelaa akka taʼetti waanan hin ilaalleef,*+ nama qulqulluu fi nama qajeelaa taʼe hin ajjeesin.
8 “Mattaʼaan ija namoota akka gaariitti arganii waan jaamsuuf, dubbii qajeelotaas jalʼisuu waan dandaʼuuf, mattaʼaa hin fudhatin.+
9 “Nama biyya ormaa hin cunqursin. Isinis biyya Gibxii keessatti nama biyya ormaa waan turtaniif, nama biyya ormaa taʼuun miira akkamii akka namatti uumu* beektu.+
10 “Waggaa jaʼaaf maasii kee irratti sanyii facaasi; oomisha isaas galfadhu.+ 11 Waggaa torbaffaatti garuu utuu hin qotin dhiisi; lafa haa baʼu; hiyyeeyyiin saba kee gidduutti argaman isa irraa haa nyaatan; wanta isaan irraa hafe immoo bineensonni bosonaa haa nyaatan. Maasii wayinii kee fi muka ejersaa* kee irrattis akkanuma godhi.
12 “Guyyaa jaʼaaf hojii kee hojjedhu; guyyaa torbaffaatti garuu qotiyyoon kee fi harreen kee akka boqotaniif, akkasumas ilmi garbittii tee fi namni biyya ormaa akka aara galfataniif hojii kee irraa boqodhu.+
13 “Wantan siin jedhe hundumaa of eeggannoodhaan raawwadhu;+ maqaa waaqolii kan biroo hin dhaʼin; waaʼeen isaanii afaan kee keessaa hin baʼin.+
14 “Waggaatti siʼa sadii ayyaana naaf kabaji.+ 15 Ayyaana Maxinoo ni kabajja.+ Biyya Gibxii keessaa kan baate yeroo sanatti waan taʼeef, akkuman si ajajetti ati jiʼa Abiib*+ keessa yeroo murtaaʼetti guyyaa torbaaf maxinoo nyaatta. Eenyu iyyuu harka duwwaa ana duratti hin dhihaatin.+ 16 Kana malees, ayyaana firii jalqabaa dadhabbii keetii isa maasii kee irratti facaastee, jechuunis Ayyaana Makaraa* kabaji.+ Akkasumas dhuma waggichaatti yommuu firii dadhabbii keetii maasii kee irraa galfattu Ayyaana Midhaan Sassaabbii* kabaji.+ 17 Dhiironni kee hundi waggaatti siʼa sadii Yihowaa isa Gooftaa dhugaa taʼe duratti haa dhihaatan.+
18 “Dhiiga aarsaa taʼee anaaf dhihaatu wanta raacitii qabu akkamii iyyuu wajjin hin dhiheessin. Coomni ayyaanota koo irratti aarsaa taʼee dhihaatu hamma ganamaatti turuu hin qabu.
19 “Firiiwwan lafa keetii warra jalqaba gaʼanii fi hunda irra caalan gara mana Waaqa kee Yihowaatti fidi.+
“Ilmoo reʼee aannan haadha isaatiin hin affeelin.+
20 “Akka inni daandii kee irratti si eeguu fi gara iddoo ani siif qopheessetti si galchuuf,+ maleekaa koo si dura nan erga.+ 21 Wanta inni jedhu dhagaʼi; sagalee isaatiifis ajajami. Inni balleessaa keessaniif dhiifama waan hin gooneef,+ isin isa irratti fincila hin kaasinaa; sababiin isaas maqaan koo isa irra jira. 22 Haa taʼu malee, of eeggannoodhaan sagalee isaatiif yoo ajajamtee fi wanta ani jedhe hundumaa yoo raawwatte, diinota keetti diina nan taʼa, warra si mormanis nan morma. 23 Sababiin isaas, maleekaan koo si dura buʼee gara Amoorotaa, Heetotaa, Pheriizotaa, Kanaʼaanotaa, Hiiwotaa fi Yebuusotaatti si fida; anis haxaaʼee isaan nan balleessa.+ 24 Waaqolii isaaniitiif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin; gocha isaaniis hin hordofin.+ Kanaa mannaa, isaan balleessi; siidaawwan waaqeffannaa isaaniis caccabsi.+ 25 Waaqa keessan Yihowaa tajaajilaa;+ innis midhaan kee fi bishaan kee ni eebbisa.+ Ani si gidduudhaa dhukkuba nan balleessa.+ 26 Dubartoonni si gidduutti argaman ulfi isaan irraa hin baʼu yookiin dhabduu* hin taʼan;+ ani umurii dheeraa siifan kenna.*
27 “Utuu ati achi hin gaʼin isaan akka na sodaatan nan godha;+ saboonni si lolan hundi akka burjaajaʼan nan godha; diinonni kee hundi moʼamanii si duraa akka baqatan* nan godha.+ 28 Utuu ati achi hin gaʼin diinota keetti naasuu* nan erga;+ ani Hiiwota, Kanaʼaanotaa fi Heetota si duraa nan ariʼa.+ 29 Lafattiin ona akka hin taanee fi bineensonni bosonaa si miidhan achitti akka wal hin horreef, ani waggaa tokko keessatti si duraa isaan hin ariʼu.+ 30 Hamma ati wal hortuttii fi hamma lafattii dhaalaan fudhattutti suutuma suuta isaaniin si duraa nan ariʼa.+
31 “Daangaan kee Galaana Diimaa irraa jalqabee hamma galaana Filisxeemotaatti, akkasumas lafa onaa sana irraa jalqabee hamma Lagichaatti* akka taʼu nan godha;+ jiraattota biyyattii harka keessanitti dabarsee nan kenna; atis of duraa isaan ni ariita.+ 32 Isaanii wajjin yookiin waaqolii isaanii wajjin kakuu hin galin.+ 33 Isaan ana irratti cubbuu akka si hin hojjechiisneef, biyya kee keessa jiraachuu hin qaban. Ati waaqolii isaanii yoo tajaajilte, kun dhugumaan kiyyoo sitti taʼa.”+
24 Achiis inni Museedhaan akkana jedhe: “Ati, Aaron, Naadaab, Abihuunii+ fi jaarsoliin Israaʼel 70ni gara Yihowaatti ol baʼaatii fagoodhaa sagadaa. 2 Museen kophaa isaa Yihowaatti haa dhihaatu; warri kaan garuu isatti akka hin dhihaanne; sabichis isaa wajjin akka ol hin baane.”+
3 Museenis dhufee dubbii Yihowaa hundumaa fi heerawwan isaa hundumaa sabichatti hime;+ guutummaan sabichaas sagalee tokkoon, “Nuti dubbii Yihowaan dubbate hundumaa raawwachuuf fedhii qabna”+ jedhanii deebisan. 4 Kanaafuu, Museen dubbii Yihowaa hundumaa ni barreesse.+ Achiis ganama bariidhaan kaʼee gaaricha jalatti iddoo aarsaa tokkoo fi siidaawwan gosoota Israaʼel 12n bakka buʼan 12 ni ijaare. 5 Sana booda Israaʼelota dargaggoota taʼan ni erge; isaanis aarsaawwan gubaman ni dhiheessan; akkasumas qotiyyoowwan aarsaawwan gamtaa+ godhanii Yihowaadhaaf ni dhiheessan. 6 Achiis Museen dhiigicha irraa walakkaa isaa fuudhee saanii golboo keessatti naqe; walakkaa dhiigichaa immoo iddoo aarsaa irratti facaase. 7 Sana booda kitaaba kakuu sana fuudhee sagalee isaa ol kaasee sabichaaf dubbise.+ Isaanis, “Wanta Yihowaan dubbate hundumaa raawwachuuf fedhii qabna; ni ajajamnas” jedhan.+ 8 Kanaafuu, Museen dhiigicha fuudhee sabicha irratti facaasuudhaan,+ “Kun dhiiga kakuu isa dubbii kana hundumaa wajjin haala wal simuun Yihowaan isinii wajjin gale sanaa ti” jedhe.+
9 Musee fi Aaron, Naadaabii fi Abihuun, akkasumas jaarsoliin Israaʼel 70ni ol baʼanii 10 Waaqa Israaʼeliin ni argan.+ Miila isaa jalas wanti akka dhagaa afamaa safiroos* fakkaatu jira ture; wanti sun akkuma samii qulqulluu ture.+ 11 Innis geggeessitoota Israaʼel+ kana hin miine; isaanis mulʼata Waaqa dhugaa ni argan, akkasumas ni nyaatan, ni dhuganis.
12 Yihowaanis Museedhaan, “Gaaricha irratti gara kootti ol baʼiitii achi turi. Gabateewwan dhagaa seerichaa fi ajaja isa qajeelfama akka isaaniif taʼuuf ani irratti barreessu sana siif nan kenna”+ jedhe. 13 Kanaafuu, Museen tajaajilaa isaa kan taʼe Iyyaasuu+ wajjin ni kaʼe; achiis gara gaara Waaqa dhugaatti ol baʼe.+ 14 Jaarsolii sanaan garuu, “Hamma gara keessanitti deebinutti asumatti nu eegaa.+ Aaronii fi Huur+ isinii wajjin jiru. Namni dhimma seeraa qabu kam iyyuu gara isaanii deemuu dandaʼa”+ jedhee ture. 15 Achiis utuma duumessi gaaricha uwwisee jiruu, Museen gara gaarichaatti ol ni baʼe.+
16 Ulfinni Yihowaa+ Gaara Siinaa irra jira ture;+ duumessichis guyyaa jaʼaaf gaaricha ni uwwise. Guyyaa torbaffaattis inni duumessicha gidduudhaa Musee ni waame. 17 Israaʼelota warra kana ilaalaa turanitti ulfinni Yihowaa fiixee gaarichaa irratti ibidda cimaa fakkaatee mulʼata ture. 18 Achiis Museen duumessicha keessa seenee gara gaarichaatti ol baʼe.+ Innis guyyaa 40 fi halkan 40 gaaricha irra ture.+
25 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Buusii akka anaaf fidan saba Israaʼelitti himi; nama garaan isaa isa kakaase hundumaa irraa buusii koo ni fuutu.+ 3 Buusiin isaan irraa fuutan kana dha: warqii,+ meetii,+ sibiila diimaa,+ 4 foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee,* foʼaa diimaa, foʼaa quncee talbaa baʼeessa, rifeensa reʼee, 5 gogaa korbeessa hoolaa halluu diimaa cuuphame, gogaa tahaash,* muka laaftoo,+ 6 zayitii ibsaawwanii,+ baalsaamii zayitii dibataa*+ fi ixaana urgaaʼuuf oolu,+ 7 akkasumas dhagoota oniiksii* fi dhagoota kaan warra efuudii+ fi kiisii qomaa+ irratti maxxanfaman. 8 Isaan iddoo qulqulluu anaaf ni ijaaru; anis isaan gidduu nan jiraadha.+ 9 Isin akkuma pilaanii ani sitti argisiisutti godoo qulqulluu sanaa fi miʼawwan isaa hundumaa ni hojjettu.+
10 “Isaan muka laaftoo irraa taabota* dheerinni isaa dhundhuma* lamaa fi walakkaa, dalgi isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa, ol dheerinni isaas dhundhuma tokkoo fi walakkaa taʼe ni tolchu.+ 11 Atis warqii qulqulluudhaan isa ni uwwista.+ Keessa isaa fi ala isaa ni uwwista; gara oliitiin qarqara isaatti naannessitee ittisa* warqii itti tolchita.+ 12 Warqii baqsitee amartiiwwan afur isaaf ni tolchita; achiis amartii lama gama tokkoon, amartii lama immoo gama kan biraatiin gootee miila isaa arfanii olitti ni maxxansita. 13 Muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchiitii warqiidhaan uwwisi.+ 14 Taaboticha ittiin baachuuf akka taʼutti, danqaraawwan kana amartiiwwan Taaboticha cinaatti argaman keessa ni loosta. 15 Danqaraawwan sun amartiiwwan Taabotichaa keessa taaʼuu qabu; achi keessaa baafamuu hin qaban.+ 16 Dhugaa Baatuu ani siif kennu sana Taaboticha keessa ni keessa.+
17 “Warqii qulqulluu irraa qadaada dheerinni isaa dhundhuma lamaa fi walakkaa, dalgi isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa taʼe ni tolchita.+ 18 Warqii irraa kiruubelota lama ni tolchita; warqii tumame irraa isaan tolchitee fiixee lamaan qadaadichaa irra isaan ni keessa.+ 19 Kiruubelota lama tolchaatii isa tokko fiixee isa tokkoon, isa kan biraa immoo fiixee isa kan biraatiin kaaʼaa. 20 Kiruubelonni kun qoochoowwan isaanii lamaan ol diriirsanii qoochoowwan isaaniitiin qadaadicha ni haguugu;+ isaan walitti ni garagalu. Fuulli kiruubelota kanaa gara qadaadichaatti garagala. 21 Qadaadicha+ Taaboticha irra keessa; Dhugaa Baatuu isa ani siif kennu sana immoo Taaboticha keessa ni keessa. 22 Anis achitti sitti nan mulʼadha; qadaadicha gubbaa irraas sii wajjin nan dubbadha.+ Kiruubelota lamaan warra taabota Dhugaa Baatuu sana irra jiran gidduudhaa ajajawwan Israaʼelotaaf dabarsitu hundumaa sin beeksisa.
23 “Muka laaftoo irraa minjaala+ dheerinni isaa dhundhuma lama, dalgi isaa dhundhuma tokko, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa taʼe tokkos ni tolchita.+ 24 Warqii qulqulluudhaan isa uwwista; qarqara isaatti naannessitees warqii irraa ittisa* ni tolchita. 25 Isatti naannessitees xiyyoo balʼinni isaa hamma barruu harkaa* gaʼu ni tolchita; xiyyoo sanatti naannessitee immoo warqii irraa ittisa* ni tolchita. 26 Amartiiwwan warqii afuris isaaf ni tolchita; amartiiwwan sanas rogawwan arfan bakka miilli isaa arfan itti qabsiifaman irra ni goota. 27 Amartiiwwan sun danqaraawwan minjaalichi ittiin baatamu akka keessa loofamaniif, gara xiyyoo minjaalichaatti siqfamanii haa tolfaman. 28 Danqaraawwan kana muka laaftoo irraa tolchitee warqiidhaan ni uwwista; minjaalichas isaanitti fayyadamtee baatta.
29 “Saaniiwwan isaa, xoofoowwan isaa, akkasumas okkoteewwanii fi saaniiwwan golboo isaa warra isaan aarsaawwan dhugaatii keessaa dhangalaasan ni tolchita. Warqii qulqulluu irraa isaan ni tolchita.+ 30 Yeroo hundumaas ana duratti daabboo ilaalchaa* minjaalicha irra ni keessa.+
31 “Warqii qulqulluu irraa baattuu ibsaa+ ni tolchita. Baattuun ibsaa kun warqii tumame irraa haa tolfamu. Jalli isaa, jirmi isaa, dameewwan isaa, hammattuuwwan abaaboo isaa, dhukawwan isaa fi daraaraawwan isaa tokko taʼanii haa tolfaman.+ 32 Baattuun ibsaa sun gama tokkoon dameewwan sadii, gama kaaniinis dameewwan sadii, walumaa galatti cinaa isaa irratti dameewwan jaʼa ni qabaata. 33 Damee tokko irratti, hammattuuwwan abaaboo abaaboo almoondii fakkaatan sadii dhukawwanii fi daraaraawwanii wajjin duraa duubaan haa tolfaman; damee isa kan biraa irrattis hammattuuwwan abaaboo abaaboo almoondii fakkaatan sadii dhukawwanii fi daraaraawwanii wajjin duraa duubaan haa tolfaman. Dameewwan jaʼanuu akka kanaan jirma baattuu ibsaa sana irratti haa tolfaman. 34 Hammattuuwwan abaaboo abaaboo almoondii fakkaatan afur dhukawwanii fi daraaraawwanii wajjin duraa duubaan jirma baattuu ibsaa irratti haa tolfaman. 35 Dameewwan jalqabaa warra jirmicha irratti garanaa fi garasiin tolfaman lamaan jalatti dhukni tokko, dameewwan itti aanan lamaan jalatti dhukni tokko, dameewwan itti aanan lamaan jalattis dhukni tokko ni jiraata; dameewwan jaʼan jirmicha irra jiraniif akkanuma ni godhama. 36 Dhukawwan, dameewwanii fi guutummaan baattuu ibsaa kun warqii qulqulluu tumame irraa tokko taʼanii haa tolfaman.+ 37 Ibsaawwan torbas isaaf ni tolchita; ibsaawwan kun yeroo qabsiifamanittis iddoo isa fuuldura isaanii jirutti ni ifu.+ 38 Qabduuwwan isaa fi qodaawwan ibiddaa isaa warqii qulqulluu irraa ni tolfamu.+ 39 Baattuun ibsaa fi miʼawwan kun warqii qulqulluu taalaantii* tokko irraa haa tolfaman. 40 Pilaanii gaaricha irratti sitti argisiifame hordofiitii of eeggannoodhaan isaan hojjedhu.+
26 “Huccuuwwan dunkaanaa quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee fi foʼaa diimaa irraa tolfaman kudhan irraa godoo qulqulluu+ naaf tolchi. Isaan irrattis fakkii kiruubelotaa+ ni dhoofta.+ 2 Huccuun dunkaanaa tokkoon tokkoon isaa dheerinni isaa dhundhuma* 28, dalgi isaa immoo dhundhuma 4 haa taʼu. Huccuuwwan dunkaanaa hundi hammi isaanii qixxee haa taʼu.+ 3 Huccuuwwan dunkaanaa shan walitti qabsiifamanii tokko haa taʼan; huccuuwwan dunkaanaa shan kaanis walitti qabsiifamanii tokko haa taʼan. 4 Huccuuwwan dunkaanaa walitti qabsiifaman keessaa qarqara huccuu dunkaanaa isa dhumaa irratti gurroowwan foʼaa bifa cuquliisaa ni tolchita; huccuuwwan dunkaanaa walitti qabsiifaman kaan keessaa qarqara huccuu bakka isa kaanii wajjin itti wal qabatu irrattis akkanuma ni goota. 5 Bakka itti wal qabatanitti fuullee walii akka taʼaniif, huccuu dunkaanaa isa tokko irratti gurroowwan 50, qarqara huccuu dunkaanaa isa kan biraa irrattis gurroowwan 50 ni tolchita. 6 Warqii irraa wal qabsiistuu 50 tolchitee huccuuwwan dunkaanaa sana wal qabsiistuu sanaan wal qabsiista; akka kanaan godoo qulqulluun sun tokko ni taʼa.+
7 “Dunkaana godoo qulqulluu sana akka uwwisuuf rifeensa reʼee+ irraa huccuuwwan ni tolchita. Huccuuwwan dunkaanaa 11 ni tolchita.+ 8 Huccuun dunkaanaa tokkoon tokkoon isaa dheerinni isaa dhundhuma 30, dalgi isaa immoo dhundhuma 4 haa taʼu. Huccuuwwan dunkaanaa 11n hundi hammi isaanii qixxee haa taʼu. 9 Huccuuwwan dunkaanaa shan walitti qabsiisi; huccuuwwan dunkaanaa kaan jaʼas walitti qabsiisi; huccuu dunkaanaa isa jaʼaffaa karaa fuuldura dunkaanichaatiin ol dachaasi. 10 Huccuuwwan dunkaanaa walitti qabsiifaman keessaa qarqara huccuu isa tokkoo, jechuunis huccuu isa dhumaa irratti gurroowwan 50 ni tolchita; huccuuwwan dunkaanaa walitti qabsiifaman kaan keessaa qarqara huccuu bakka isa kaanii wajjin itti wal qabatu irrattis gurroowwan 50 tolchita. 11 Sibiila diimaa irraa wal qabsiistuu 50 tolchitee wal qabsiistuu sana gurroowwan keessa galchitee dunkaanicha wal qabsiista; akka kanaan huccuun dunkaanichaa tokko ni taʼa. 12 Huccuun dunkaanichaa inni irraa hafe ni rarraafama. Walakkaan huccuu dunkaanichaa inni irraa hafe immoo duuba godoo qulqulluu irratti ni rarraʼa. 13 Huccuun dunkaanichaa inni huccuu isa jalaa irra dhundhuma tokko dheeratu dunkaanicha akka uwwisuuf, godoo qulqulluu irratti garanaa fi garasiin ni rarraʼa.
14 “Kana malees, gogaa korbeessa hoolaa halluu diimaa cuuphame irraa wanta dunkaanicha irraan uwwifamu ni tolchita; wanta isa irraan uwwifamu immoo gogaa tahaash irraa ni tolchita.+
15 “Maqaaniiwwan*+ muka laaftoo irraa tolfamanii fi ol dhaabbatan godoo qulqulluu sanaaf ni tolchita.+ 16 Tokkoon tokkoon maqaanii kanaa ol dheerinni isaa dhundhuma kudhan, dalgi isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa haa taʼu. 17 Maqaanichi tokkoon tokkoon isaa muchawwan wal bira jiran lama ni qabaata. Maqaaniiwwan godoo qulqulluu hundumaa akka kanaan ni tolchita. 18 Karaa kibba godoo qulqulluutiif maqaaniiwwan kallattii kibbaatti garagalan 20 ni tolchita.
19 “Meetii irraa miiloowwan uraa qabanii+ fi maqaaniiwwan 20 sana jala oolan 40 ni tolchita; muchawwan maqaanii tokko jala jiran lamaaniif miiloowwan uraa qaban lama, muchawwan maqaaniiwwan itti aanan jala jiran kaaniifis muchawwan lama lamaaf miiloowwan uraa qaban lama lama ni tolchita.+ 20 Karaa kaaba godoo qulqulluutiif maqaaniiwwan 20, 21 akkasumas miiloowwan isaanii warra uraa qaban 40 meetii irraa ni tolchita; maqaanii tokko jalatti miiloowwan uraa qaban lama, tokkoon tokkoon maqaaniiwwan itti aanan kaan jalattis miiloowwan uraa qaban lama lama ni tolchita. 22 Karaa duubaa godoo qulqulluu isa kallattii dhihaatti argamuuf maqaaniiwwan jaʼa ni tolchita.+ 23 Godoo qulqulluu sanaaf karaa duubaatiin utubaa golee akka taʼaniif maqaaniiwwan lama ni tolchita. 24 Maqaaniiwwan kun jalaa kaasee hamma amartii isa jalqabaa fiixee irra jiruutti dachaa taʼanii haa tolfaman. Lamaan isaanii iyyuu akkanumatti haa tolfaman; isaan utubaa golee lama ni taʼu. 25 Maqaaniiwwan saddeet, akkasumas miiloowwan isaanii warri uraa qabanii fi meetii irraa tolfaman 16, maqaanii tokko jalatti miiloowwan uraa qaban lama, tokkoon tokkoon maqaaniiwwan itti aanan kaan jalattis miiloowwan uraa qaban lama lama ni jiraatu.
26 “Maqaaniiwwan kallattii godoo qulqulluu gara isa tokkoon argamaniif muka laaftoo irraa danqaraawwan shan,+ 27 maqaaniiwwan kallattii godoo qulqulluu gara isa kaaniitiin argamaniif danqaraawwan shan, maqaaniiwwan kallattii godoo qulqulluu gara isa duubaatiin, jechuunis gara dhihaatiin argamaniifis danqaraawwan shan ni tolchita. 28 Danqaraan gidduu inni maqaaniiwwan sana walakkaa darbu fiixee isa tokkoo hamma fiixee isa kaanii gaʼuu qaba.
29 “Maqaaniiwwan sana warqiidhaan ni uwwista;+ amartiiwwan danqaraawwan sun keessa loʼan warqii irraa ni tolchita; danqaraawwan sanas warqii ni uwwista. 30 Godoo qulqulluu kana akkuma pilaanii isaa isa gaaricha irratti sitti argisiifame sanaatti ijaari.+
31 “Foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa golgaa+ tokko hojjedhu. Isa irrattis bifti kiruubelotaa haa dhaʼamu. 32 Isas utubaawwan muka laaftoo warqii uwwifaman afur irratti fannista. Hookkoowwan isaanii warqii irraa haa tolfaman. Utubaawwan sun miiloowwan uraa qabanii fi meetii irraa tolfaman afur irra haa dhaabaman. 33 Golgaa sana wal qabsiistuuwwan jalatti fannista; taabota Dhugaa Baatuu+ sanas achi fiddee golgaa sana duuba keessa. Golgaan kun Kutaa Qulqulluu+ fi Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe+ gargar isiniif ni baasa. 34 Qadaadicha, taabota Dhugaa Baatuu sana irra Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe keessa kaaʼi.
35 “Minjaalicha golgaa sanaa ala ni keessa; baattuu ibsaa+ sana immoo godoo qulqulluu sana keessa kallattii kibbaatiin fuullee minjaalichaa ni keessa; minjaalichas kallattii kaabaatiin ni keessa. 36 Foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame walitti dhaʼuudhaan balbala dunkaanichaatiif golgaa tokko ni hojjetta.+ 37 Golgaa kanaafis muka laaftoo irraa utubaawwan shan tolchitee warqiidhaan ni uwwista. Hookkoowwan isaanii warqii irraa ni tolfamu; sibiila diimaa baqsitees miiloowwan uraa qaban shan isaaniif ni tolchita.
27 “Muka laaftoo irraa iddoo aarsaa dheerinni isaa dhundhuma* shan, dalgi isaas dhundhuma shan taʼe tokko ni ijaarta.+ Iddoon aarsaa kun rogni isaa arfanuu wal qixa haa taʼu; ol dheerinni isaas dhundhuma sadii haa taʼu.+ 2 Golee isaa arfan irratti gaanfota+ ni tolchita; gaanfonni sunis iddoo aarsaa sanaa wajjin qaama tokko taʼu; iddoo aarsaa sanas sibiila diimaadhaan ni uwwista.+ 3 Daaraa isaa* qulqulleessuuf baaldiiwwan, akaafaawwan, saaniiwwan golboo, shukkaawwanii fi qodaawwan ibiddaa dabalatee miʼawwan isaa hundumaa sibiila diimaa irraa ni tolchita.+ 4 Iddoo aarsaa sanaaf sibiila diimaa irraa waan akka gingilchaa ni tolchita; gingilchaa sana irrattis goleewwan isaa arfan irratti amartiiwwan sibiila diimaa afur ni tolchita. 5 Xiyyoo iddoo aarsaa sanaatii gadittis isa ni keessa; gingilchaan sun gad siqee walakkaa iddoo aarsaa sanaa keessa ni kaaʼama. 6 Iddoo aarsaa sanaaf muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchitee sibiila diimaadhaan ni uwwista. 7 Iddoon aarsaa sun yeroo baatamutti danqaraawwan sun garanaa fi garasiin akka taʼanitti, danqaraawwan sun amartiiwwan keessa ni loofamu.+ 8 Iddoo aarsaa sana saanqaawwan irraa akka saanduqa banaatti ni tolchita. Iddoon aarsaa kun akkuma inni gaaricha irratti sitti argisiise sanatti haa tolfamu.+
9 “Godoo qulqulluu sanaaf mooraa ni tolchita.+ Mooraan sun kallattii kibbaa isa gara kibbaatti garagaleef, jechuunis kallattii isa tokkoof golgaa quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa tolfamee fi dhundhuma 100 dheeratu ni qabaata.+ 10 Mooraan sun utubaawwan 20, akkasumas miiloowwan uraa qabanii fi sibiila diimaa irraa tolfaman 20 ni qabaata. Hookkoowwan utubaawwan sanaa fi wal qabsiistuuwwan* isaanii meetii irraa haa tolfaman. 11 Golgaan gara kaabaatiif taʼus dhundhuma 100 ni dheerata; utubaawwan isaa 20nii fi miiloowwan isaanii warri uraa qabanii fi sibiila diimaa irraa tolfaman 20ni ni jiraatu; akkasumas utubaawwan sun hookkoowwanii fi wal qabsiistuuwwan* meetii irraa tolfaman ni qabaatu. 12 Golgaan gara dhiha mooraa sanaatiif taʼu dheerinni isaa dhundhuma 50 haa taʼu; kana malees utubaawwan kudhanii fi miiloowwan uraa qaban kudhan tolchi. 13 Mooraan sun kallattii bahaatiin, jechuunis gara aduun baatuun dalgi isaa dhundhuma 50 dha. 14 Gama tokkoon golgaan dhundhuma 15 taʼu ni jiraata; utubaawwan sadii fi miiloowwan uraa qaban sadiis ni jiraatu.+ 15 Gama isa kan biraatiinis golgaan dhundhuma 15 taʼu ni jiraata; utubaawwan sadii fi miiloowwan uraa qaban sadiis ni jiraatu.
16 “Balballi mooraa kanaa golgaa foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa walitti dhaʼamee+ fi dhundhuma 20 dheeratu haa qabaatu; akkasumas utubaawwan afurii fi miiloowwan uraa qaban afur haa qabaatu.+ 17 Utubaawwan mooraa sanatti marsanii jiran hundi wal qabsiistuuwwanii fi hookkoowwan meetii irraa tolfaman ni qabaatu; miiloowwan isaanii warri uraa qaban garuu sibiila diimaa irraa ni tolfamu.+ 18 Mooraan sun dheerinni isaa dhundhuma 100,+ dalgi isaa immoo dhundhuma 50 haa taʼu; innis golgaa quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa tolfamee fi ol dheerinni isaa dhundhuma 5 taʼu haa qabaatu; miiloowwan uraa qabanii fi sibiila diimaa irraa tolfamanis haa qabaatu. 19 Miʼawwanii fi meeshaawwan tajaajila godoo qulqulluutiif oolan hundi, akkasumas qofoowwan dunkaanichaa fi qofoowwan mooraa sanaa hundi sibiila diimaa irraa haa tolfaman.+
20 “Yeroo hundumaa ibsaawwan sun akka ifaniif, zayitii qulqulluu ejersa tumame irraa argamuu fi ibsaadhaaf taʼu akka sii fidan Israaʼelota ajaji.+ 21 Aaronii fi ilmaan isaa dunkaana walgaʼii keessatti, golgaa Dhugaa Baatuu+ sana bira jiru irraa gara alaatti ibsaawwan sun galgalaa jalqabee hamma ganamaatti Yihowaa duratti+ akka ifan ni godhu. Kun Israaʼelonni guutummaa dhaloota isaanii keessatti akka raawwataniif dambii dhaabbataa ni taʼa.+
28 “Obboleessi kee Aaronii+ fi ilmaan isaa+ Naadaab, Abihuun,+ Eleʼazaarii fi Itaamaar+ luboota akka naa taʼaniif+ Israaʼelota keessaa waami. 2 Ulfinaa fi miidhagina akka isaa kennuuf obboleessa kee Aaroniif uffata qulqulluu ni tolchita.+ 3 Namoota dandeettii* qaban, warra ani hafuura ogummaatiin guute+ hundumaatti ni dubbatta; isaanis Aaron qulqulluu akka taʼuu fi luba taʼee akka na tajaajiluuf isaaf uffata ni tolchu.
4 “Uffanni isaan tolchan kanneen kana dha: kiisii qomaa,+ efuudii,+ qoloo,+ uffata dheeraa bifa roga afuriin dhaʼame, marata mataa+ fi sabbata;+ inni anaaf luba taʼee akka tajaajiluuf isaan obboleessa kee Aaronii fi ilmaan isaatiif uffatawwan qulqulluu kana ni tolchu. 5 Namoonni dandeettii qaban warqii, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi foʼaa quncee talbaa baʼeessa taʼetti fayyadamu.
6 “Isaan efuudicha warqii, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa ni tolchu; xilfiin kan irratti dhaʼames haa taʼu.+ 7 Efuudiin sun kutaa gateettii irra oolu lamaa fi fiixee isaa lamaan irratti walitti qabsiifame haa qabaatu. 8 Sabbanni dhaʼame+ inni efuudiin sun iddoo isaatii akka hin sochoone gochuuf itti qabsiifamu wantootuma wal fakkaatan, jechuunis warqii, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa haa tolfamu.
9 “Dhagoota oniiksii+ lama fudhadhuutii maqaa ilmaan Israaʼel+ isaan irratti boci; 10 akka duraa duuba dhaloota isaaniitti dhagaa isa tokko irratti maqaa jaʼa, dhagaa isa kan biraa irrattis maqaa jaʼa boci. 11 Namni dhagaa irratti bocu tokko akkuma chaappaa bocutti maqaa ilmaan Israaʼel dhagoota lamaan irratti ni boca.+ Atis dhagoota kana baattuuwwan warqii irraa tolfaman keessa ni keessa. 12 Ilmaan Israaʼeliif dhagoota yaadannoo akka taʼaniifis dhagoota lamaan kana kutaa efuudichaa isa gateettii irra oolu irra ni keessa;+ Aaronis yaadannoodhaaf akka taʼutti maqaa isaanii kana Yihowaa duratti gateettii isaa lamaan irratti ni baata. 13 Atis baattuuwwan warqii irraa tolfaman, 14 akkasumas funcaawwan warqii qulqulluu akka funyootti foʼaman lama ni tolchita;+ funcaawwan sanas baattuuwwan warqii irraa tolfamanii wajjin wal qabsiista.+
15 “Namni xilfii dhaʼu kiisii qomaa murtii Waaqayyoo beekuuf gargaaru akka tolchu godhi.+ Kiisiin qomaa kun akkuma efuudichaa warqii, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa haa tolfamu.+ 16 Yommuu dachaafamus dheerinni isaa taakkuu* tokko, dalgi isaas taakkuu tokko taʼee rogni isaa arfan wal qixa haa taʼu. 17 Achi irrattis tarree afuriin dhagoota* maxxansi. Tarreen inni jalqabaa ruubii, tophaaziyonii fi imeraaldi haa taʼu. 18 Tarreen inni lammaffaan tarkooyis, safiroosii fi yaasphis haa taʼu. 19 Tarreen inni sadaffaan lesheem, ageetii fi ametiisxos haa taʼu. 20 Tarreen inni arfaffaan immoo kirisoliixos, oniiksii fi jeed haa taʼu. Isaan baattuuwwan warqii irraa tolfaman irra haa kaaʼaman. 21 Dhagoonni kun maqaa ilmaan Israaʼel 12n bakka buʼu. Tokkoon tokkoon isaanii akkuma chaaphaatti haa bocaman; maqaan tokko gosoota 12n keessaa isa tokko kan bakka buʼu haa taʼu.
22 “Kiisii qomaatti marsitee funcaa funyoo warqii qulqulluu irraa foʼame fakkaatu ni tolchita.+ 23 Kiisii qomaa sanaaf warqii irraa amartiiwwan lama tolchitee, amartiiwwan lamaan sana fiixee kiisii qomaa lamaanitti qabsiista. 24 Funyoowwan warqii irraa tolfaman lamaan sana amartiiwwan lamaan warra fiixee kiisii qomaa irra jiran keessa galchita. 25 Fiixeewwan lamaan funyoowwan lamaan sanaa baattuuwwan lamaan keessa galchitee, karaa fuulduraatiin kutaa efuudichaa isa gateettii irra oolu irratti qabsiista. 26 Amartiiwwan warqii lama tolchitee gara efuudichaatti gargalchitee, qarqara kiisii qomaa lamaan warra gara gadii irratti qabsiista.+ 27 Efuudicha fuulduraan kutaa efuudichaa isa gateettii irra oolu lamaanii gaditti, bakka efuudichii fi sabbanni itti wal qabatu biratti, sabbata efuudii isa dhaʼamee olitti amartiiwwan warqii dabalataa lama tolchi.+ 28 Kiisiin qomaa sun iddoo isaatii akka hin sochooneef, amartiiwwan isaa amartiiwwan efuudichaatti funyoo bifa cuquliisaatiin haa hidhaman. Kunis kiisiin qomaa sun sabbata dhaʼamee olitti efuudichatti maxxanee iddoo isaatii akka hin sochoone godha.
29 “Aaron yommuu gara Kutaa Qulqulluutti seenu Yihowaa duratti yaadannoo dhaabbataa akka taʼuuf kiisii qomaa murtii Waaqayyoo beekuuf gargaaru isa qoma isaa irra jiru sana irratti maqaa ilmaan Israaʼel haa baatu. 30 Atis kiisii qomaa isa murtii Waaqayyoo beekuuf gargaaru sana keessa Uuriimii fi Tuumiimii*+ ni keessa; isaanis yeroo inni seenee Yihowaa duratti dhihaatutti qoma Aaron irra ni taʼu; Aaron wantoota Israaʼelotaaf murtoo kennuuf gargaaran kana Yihowaa duratti yeroo hundumaa qoma isaa irratti ni baata.
31 “Qoloo efuudicha jalatti uffatamu guutummaatti foʼaa bifa cuquliisaa irraa ni tolchita. + 32 Karaa oliitiin* gidduu isaatti baqaqaa ni qabaata. Baqaqaan sunis qarqarri isaa nama wayyaa dhaʼuun haa goodamu.* Inni akka hin tarsaaneef, baqaqaan isaa akkuma baqaqaa kootii sibiilaa haa taʼu. 33 Atis foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee fi foʼaa diimaa irraa qarqara isaatti naannessitee romaanota ni tolchita; isaan gidduuttis bilbila warqii ni tolchita. 34 Qarqara qoloo* sanaatti naannessitees bilbila warqii tokko achiis romaanii tokko gochaa wal keessa ni tolchita. 35 Aaronis yeroo tajaajilu isa uffachuu qaba; yommuu Yihowaa duratti dhihaachuuf gara iddoo qulqulluutti seenuu fi achi keessaa baʼutti, akka hin duuneef sagaleen bilbila sanaa dhagaʼamuu qaba.+
36 “Warqii qulqulluu irraa wanta diriiraa calaqqisu tolchiitii akkuma namni tokko chaappaa bocutti, ‘Qulqullummaan kan Yihowaa ti’+ jedhiitii achi irratti boci. 37 Isas funyoo bifa cuquliisaatiin marata mataatti ni hiita;+ innis marata mataa sana fuuldura taʼuu qaba. 38 Inni adda Aaron irra ni taʼa; yommuu namni tokko wantoota qulqulluu, jechuunis wantoota Israaʼelonni akka kennaawwan qulqulluutti yeroo fidanitti qulqulleessan sana irratti cubbuu raawwatu, Aaron itti gaafatamummaa isaa ni fudhata.+ Isaan Yihowaa duratti fudhatama akka argataniif, inni yeroo hunda adda isaa irra taaʼuu qaba.
39 “Foʼaa quncee talbaa baʼeessa taʼe irraa uffata dheeraa bifa roga afuriin dhaʼame tolchi; marata mataas quncee talbaa baʼeessa taʼe irraa tolchi; akkasumas sabbata dhaʼame tolchi.+
40 “Kana malees, ulfinaa fi miidhagina akka isaaniif kennuuf,+ ilmaan Aaroniif uffatawwan, sabbatawwanii fi marata mataa ni tolchita.+ 41 Obboleessa kee Aaronii fi ilmaan isaa warra isaa wajjin jiranitti uwwista; isaan ni dibda,+ isaan muudda,*+ akkasumas isaan qulqulleessita; isaanis anaaf luboota taʼanii tajaajilu. 42 Qullaa isaanii akka dhokfataniifis qumxaawwan* quncee talbaa isaaniif ni tolchita.+ Qumxaawwan kun mudhii irraa jalqabee hamma jilbaatti kan dheeratan taʼu. 43 Cubbuu akka isaanitti hin taanee fi akka hin duuneef, Aaronii fi ilmaan isaa yeroo dunkaana walgaʼiitti seenanitti yookiin yeroo iddoo qulqulluu keessatti tajaajiluuf iddoo aarsaatti dhihaatanitti wantoota kana uffachuu qabu. Kun isaa fi sanyii isaa warra isa booda dhufaniif dambii dhaabbataa haa taʼu.
29 “Anaaf luboota taʼanii akka tajaajilan isaan qulqulleessuuf wanti ati gootu kana dha: Jibicha tokko, korbeeyyii hoolaa mudaa hin qabne lama,+ 2 maxinoo, maxinoo bifa amartiitiin tolfamee fi zayitiidhaan makame, akkasumas maxinoo haphii zayitii dibame fidi.+ Wantoota kana daakuu qamadii bullaaʼaa taʼe irraa tolchitee 3 guuboo keessa kaaʼuudhaan akkuma guuboo keessa jiranitti+ jibicha sanaa fi korbeeyyii hoolaa lamaan sanaa wajjin isaan dhiheessita.
4 “Aaronii fi ilmaan isaa balbala dunkaana walgaʼii duratti+ dhiheessitee bishaaniin isaan dhiqxa.+ 5 Achiis uffatawwan+ sana fuudhiitii, uffata dheeraa sana, qoloo efuudicha jalatti uffatamu, efuudichaa fi kiisii qomaa sana Aaronitti uwwisi; sabbata efuudii isa dhaʼame sanas jabeessitee mudhii isaatti ni hiita.+ 6 Marata mataa sana mataa isaa irra ni keessa; mallattoo qulqulluu kan murteeffaman taʼuu argisiisu* sanas marata mataa sana irra ni keessa;+ 7 zayitii dibataa*+ sanas fuudhiitii mataa isaa irratti dhangalaasiitii isa dibi.+
8 “Achiis ilmaan isaa fidiitii uffatawwan dhedheeroo sana isaanitti uwwisi;+ 9 sabbatawwan sanas mudhii Aaronii fi mudhii ilmaan isaatti hidhi; marata mataa isaaniis isaan irra kaaʼi; lubummaanis akka dambii dhaabbataatti kan isaanii ni taʼa.+ Akka kanaan Aaronii fi ilmaan isaa luboota taʼanii akka tajaajilan isaan muudda.*+
10 “Jibicha sana dunkaana walgaʼii duratti dhiheessita; Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa jibicha sanaa irra ni kaaʼu.+ 11 Jibicha sana balbala dunkaana walgaʼii irratti Yihowaa duratti qali.+ 12 Dhiiga jibicha sanaa irraa quba keetiin fuudhiitii gaanfota iddoo aarsaa+ irratti dibi; dhiiga isa hafe hundumaa immoo iddoo aarsaa jalatti dhangalaasi.+ 13 Achiis cooma+ marʼimaan uwwise hundumaa, cooma tiruu irra jiru, akkasumas kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru fuudhiitii iddoo aarsaa irratti akka aaraniif isaan gubi.+ 14 Foon jibicha sanaa, gogaa isaa fi cumaa* isaa buufatichaa alatti ibiddaan ni gubda. Kun aarsaa cubbuu ti.
15 “Achiis korbeessa hoolaa isa tokko fuudhi; Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa korbeessa hoolaa sanaa irra ni kaaʼu.+ 16 Korbeessa hoolaa sana qaliitii dhiiga isaa cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti facaasi.+ 17 Korbeessa hoolaa sana buusaa buusaa isaatti kukkuti; marʼimaan isaa fi luka isaas dhiqi;+ achiis buusaawwan sana mataa isaa wajjin iddoo aarsaa irratti tarree galchii naqi. 18 Guutummaa korbeessa hoolaa sanaa gubiitii iddoo aarsaa irratti akka aaru godhi. Kun aarsaa gubamu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu*+ dha. Akkasumas aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu dha.
19 “Sana booda korbeessa hoolaa isa kan biraa fuudhi; Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa isaa irra ni kaaʼu.+ 20 Korbeessa sana qali; dhiiga isaa irraas fuudhiitii fiixee gurra mirgaa Aaronii fi fiixee gurra mirgaa ilmaan isaa irratti, akkasumas abgudduu harka mirgaa isaanii irrattii fi abgudduu miila mirgaa isaanii irratti dibi; achiis dhiiga sana cinaa iddoo aarsaa hundumaa irratti facaasi. 21 Dhiiga isa iddoo aarsaa irra jiru irraa fi zayitii dibataa+ irraa fuudhiitii, innii fi uffanni isaa, akkasumas ilmaan isaa fi uffanni isaanii qulqulluu akka taʼaniif, Aaronii fi uffata isaa irratti, akkasumas ilmaan isaa fi uffata ilmaan isaa irratti facaasi.+
22 “Achiis cooma korbeessa hoolichaa, duboo isaa, cooma marʼimaan isaa uwwise, cooma tiruu isaa irra jiru, kaleewwan isaa lamaanii fi cooma isaan irra jiru,+ akkasumas luka mirgaa isaa fuudhi; sababiin isaas, inni korbeessa yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu irratti dhihaatu+ dha. 23 Maxinoo sana, maxinoo bifa amartiitiin tolfamee fi zayitiidhaan jiidhe sana, akkasumas maxinoo haphii sana guuboo maxinoo isa Yihowaa dura jiru sana keessaa fuudhi. 24 Hunduma isaaniis harka Aaronii fi harka ilmaan isaa irra ni keessa; asii fi achi isaan sochoosuudhaanis Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu gootee dhiheessita. 25 Achiis harka isaanii irraa fuutee iddoo aarsaa irratti, aarsaa isa gubamuu olitti aarsaa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootee isaan ni gubda. Kun aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu dha.
26 “Achiis handaraafa korbeessa hoolaa isa yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu+ irratti Aaroniif dhihaatu sanaa fuudhiitii asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhii dhiheessi; innis gaʼee kee ni taʼa. 27 Qoma aarsaa sochoofamu sanaa fi luka gaʼee qulqulluu warra sochoofaman, warra korbeessa hoolaa yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu+ irratti Aaronii fi ilmaan isaatiif dhihaatu irraa fudhataman sana qulqulleessi. 28 Wanti kun gaʼee qulqulluu waan taʼeef, kan Aaronii fi kan ilmaan isaa haa taʼu; Israaʼelonnis wanta kana dambii dhaabbataa godhanii raawwatu; kun gaʼee qulqulluu Israaʼelonni kennan ni taʼa.+ Kun aarsaawwan gamtaa isaanii keessaa gaʼee isaanii isa qulqulluu isa Yihowaadhaaf kennamu dha.+
29 “Ilmaan isaa warri isa booda dhufan yommuu dibamanii fi luboota taʼanii muudamanitti uffata qulqulluu+ isa kan Aaron sana uffatu.+ 30 Ilmaan isaa keessaa lubni iddoo isaa buʼuu fi iddoo qulqulluu keessatti tajaajiluuf gara godoo walgaʼichaatti seenu guyyaa torbaaf uffaticha ni uffata.+
31 “Korbeessa hoolaa yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu irratti dhihaatu sana fuutee foon isaa iddoo qulqulluu keessatti affeelta.+ 32 Aaronii fi ilmaan isaas foon korbeessa hoolaa sanaa fi maxinoo isa guuboo balbala godoo qulqulluu dura jiru sana keessa jiru ni nyaatu.+ 33 Wantoota luboota taʼanii akka muudamanii* fi akka qulqullaaʼaniif araaraaf oolan sana haa nyaatan. Haa taʼu malee, wantoonni kun qulqulluu waan taʼaniif, namni isaaf hin heyyamamne* nyaachuu hin dandaʼu.+ 34 Foon aarsaa isa yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu irratti dhihaatuu fi maxinoo sana irraa hamma ganamaatti wanti hafe yoo jiraate, isa hafe sana ibiddaan gubi.+ Inni wanta qulqulluu waan taʼeef nyaatamuu hin qabu.
35 “Ati akka kanaan Aaronii fi ilmaan isaatiif wantan si ajaje hundumaa ni goota. Luboota gootee isaan muuduuf* guyyoota torba ramadda.+ 36 Guyyaa guyyaadhaan aarsaa cubbuu gootee jibicha sana ni dhiheessita. Kunis dhiifama gaafachuu fi iddoo aarsaa sana qulqulluu gochuuf gargaara. Kana malees, iddoon aarsaa sun waaqeffannaa Waaqayyootiif adda baʼuu isaa argisiisuuf iddoo aarsaa sana irratti zayitii facaasta.+ 37 Iddoo aarsaa sanaaf araara argamsiisuuf guyyaa torba ramadda; iddoo aarsaa hundumaa caalaa qulqulluu akka taʼuufis isa qulqulleessi.+ Namni iddoo aarsaa kana tuqu kam iyyuu qulqulluu taʼuu qaba.
38 “Wantoonni iddoo aarsaa irratti dhiheessitu kanneen kana dha: utuu wal irraa hin kutin guyyaa guyyaadhaan xobbaallaa hoolaa waggaa tokko taʼan lama ni dhiheessita.+ 39 Xobbaallaa hoolaa isa tokko ganama, xobbaallaa hoolaa isa kan biraa immoo yeroo dimimmisaaʼu* dhiheessi.+ 40 Daakuu bullaaʼaan safartuu eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harki tokko inni zayitii qulqulluu ejersa tumame irraa argamu hiinii* tokko keessaa harka afur keessaa harka tokkoo wajjin makame, akkasumas aarsaan dhugaatii wayinii hiinii tokko harka afur keessaa harki tokko xobbaallaa hoolaa isa jalqabaa wajjin ni dhihaata. 41 Xobbaallaa hoolaa isa lammaffaa dimimmisa* keessa ni dhiheessita; isaa wajjinis aarsaa midhaanii fi aarsaa dhugaatii isa ganama dhihaatuu wajjin wal fakkaatu ni dhiheessita. Kanas aarsaa urgaan isaa gammachiisuu* fi Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu gootee ni dhiheessita. 42 Innis dhaloota keessan hundumaa keessatti aarsaa gubamu isa yeroo hunda balbala dunkaana walgaʼii duratti, jechuunis bakka ani sitti dubbachuuf sitti mulʼadhu+ sanatti Yihowaa duratti ni dhihaata.
43 “Anis achitti Israaʼelotatti nan mulʼadha; iddoon sunis ulfina kootiin+ kan qulqulleeffame ni taʼa. 44 Ani dunkaana walgaʼii sanaa fi iddoo aarsaa sana nan qulqulleessa; anaaf luboota taʼanii akka tajaajilaniifis Aaronii fi ilmaan isaa nan qulqulleessa.+ 45 Saba Israaʼel gidduu nan jiraadha; Waaqa isaaniis nan taʼa.+ 46 Isaan ani Waaqa isaanii Yihowaa isa isaan gidduu jiraachuuf biyya Gibxii keessaa isaan baase akkan taʼe dhugumaan ni beeku.+ Ani Waaqa isaanii Yihowaa dha.
30 “Muka laaftoo+ irraa iddoo aarsaa ixaanni itti aarfamu tokko ni tolchita.+ 2 Innis dheerinni isaa dhundhuma* tokko, dalgi isaa dhundhuma tokko, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma lama taʼee rogni isaa arfan wal qixa haa taʼu. Gaanfonni isaa isaa wajjin tokko taʼanii haa tolfaman.+ 3 Gubbaa isaa, cinaa isaa hundumaa fi gaanfota isaa warqii qulqulluudhaan ni uwwista; qarqara isaatti naannessitees ittisa* warqii ni tolchita. 4 Ittisa* isaatii gadittis garanaan amartiiwwan warqii lama, garasiinis amartiiwwan warqii lama ni tolchita; danqaraawwan isa baachuuf oolanis achi keessa ni loofamu. 5 Muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchiitii warqiidhaan uwwisi. 6 Atis golgaa isa taabota Dhugaa Baatuu+ sana bira jiru fuuldura, jechuunis qadaada isa Dhugaa Baatuu irra jiru fuuldura bakka ani sitti mulʼadhu+ sana isa ni keessa.
7 “Aaronis+ ganama ganama yommuu ibsaawwan+ qopheessutti, iddoo aarsaa irratti+ akka aaruuf ixaana urgaaʼu achi irratti ni aarsa.+ 8 Aaron yeroo dimimmisaaʼutti* yommuu ibsaa ibsuttis ixaanicha haa aarsu. Kun guutummaa dhaloota keessanii keessatti aarsaa ixaanaa isa yeroo hunda Yihowaa duratti dhihaatu dha. 9 Ixaana hin heyyamamne+ yookiin aarsaa gubamu yookiin aarsaa midhaanii achi irratti hin dhiheessinaa; aarsaa dhugaatiis achi irratti hin dhangalaasinaa. 10 Aaron iddoo aarsaa sana qulqulleessuuf dhiiga horii isa aarsaa cubbuu taʼee dhihaatu irraa+ gaanfota iddoo aarsaa irratti haa dibu. Innis isa qulqulleessuuf guutummaa dhaloota keessanii keessatti waggaatti siʼa tokko akkana haa godhu.+ Inni Yihowaadhaaf hundumaa caalaa qulqulluu dha.”
11 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 12 “Yeroo ilmaan Israaʼel galmeessituu fi lakkooftu hundumaatti,+ tokkoon tokkoon namaa yeroo kanatti lubbuu isaatiif Yihowaadhaaf furii haa kennu. Kunis, yeroo isaan galmeeffamanitti dhaʼichi akka isaanitti hin dhufneefi. 13 Wantoonni warri galmeeffaman hundi kennan kanneen kana dha: akka madaallii sheeqilii* iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti+ sheeqilii* walakkaa ni kennu. Sheeqiliin tokko geeraa* 20 wajjin qixxee dha. Sheeqilii walakkaan buusii Yihowaadhaaf godhamu dha.+ 14 Namni umuriin isaa waggaa 20 fi isaa ol taʼee galmeeffame hundi buusii Yihowaadhaaf godhamu ni kenna.+ 15 Araara lubbuu keessaniif godhamuuf namni sooressa taʼe sheeqilii* walakkaa caalaa, namni hiyyeessa taʼes sheeqilii walakkaadhaa gad Yihowaadhaaf buusii godhee kennuu hin qabu. 16 Maallaqa meetii araaraaf taʼu Israaʼelota irraa fuutee tajaajila dunkaana walgaʼii keessatti raawwatamuuf ni kennita; innis Israaʼelotaaf Yihowaa duratti yaadannoo ni taʼa; lubbuu keessaniifis araara ni argamsiisa.”
17 Yihowaan ammas akkana jedhee Museetti dubbate: 18 “Dhiqannaadhaaf akka taʼutti sibiila diimaa irraa miʼa bishaanii fi wanta inni irra taaʼu tolchi;+ achiis dunkaana walgaʼii fi iddoo aarsaa gidduu kaaʼiitii bishaan itti naqi.+ 19 Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii fi miila isaanii achitti ni dhiqatu.+ 20 Isaan yeroo gara dunkaana walgaʼiitti seenan yookiin yeroo tajaajiluu fi aarsaan ibiddaan dhihaatu Yihowaadhaaf akka aaru gochuuf gara iddoo aarsaatti dhihaatan akka hin duuneef bishaaniin ni dhiqatu. 21 Isaan akka hin duuneef harka isaanii fi miila isaanii haa dhiqatan; kunis isaaniif, akkasumas isaa fi sanyii isaatiif guutummaa dhaloota isaanii keessatti dambii dhaabbataa haa taʼu.”+
22 Yihowaan akkana jechuudhaan Museetti dubbachuu isaa itti fufe: 23 “Itti aansuudhaan urgooftuuwwan filatamoo taʼan kana fudhadhu: qumbii itite sheeqilii 500, walakkaa kanaa, jechuunis qarafaa miʼaawaa sheeqilii 250, qayya citaa sheeqilii 250, 24 qaasiyaa* sheeqelii 500, akkasumas zayitii ejersaa hiinii* tokko; kunis akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa* taʼe sanaatti+ haa taʼu. 25 Achiis isa irraa zayitii dibataa qulqulluu qopheessi; inni ogummaadhaan kan walitti makame haa taʼu.+ Innis zayitii dibataa qulqulluu ni taʼa.
26 “Zayitii sanaan, dunkaana walgaʼii+ fi taabota Dhugaa Baatuu sana, 27 minjaalichaa fi miʼawwan isaa hundumaa, baattuu ibsaa fi miʼawwan isaa, iddoo aarsaa ixaanaa, 28 iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatuu fi miʼawwan isaa hundumaa, akkasumas miʼa bishaanii sanaa fi wanta inni irra taaʼu ni dibda. 29 Hundumaa caalaa qulqulluu akka taʼaniif ati isaan ni qulqulleessita.+ Namni isaan tuqu kam iyyuu qulqulluu taʼuu qaba.+ 30 Isaan anaaf luboota taʼanii akka tajaajilaniif+ Aaronii+ fi ilmaan isaa ni dibda,+ akkasumas ni qulqulleessita.
31 “Akkana jettee Israaʼelotatti dubbatta: ‘Kun guutummaa dhaloota keessanii keessatti anaaf zayitii dibataa qulqulluu taʼee itti fufa.+ 32 Inni qaama namaatti dibamuu hin qabu; isin wanta kanaa wajjin wal fakkaatu akkamii iyyuu hin qopheessinaa. Inni wanta qulqulluu dha. Isiniif wanta qulqulluu taʼee itti fufa. 33 Namni dibata akkanaa qopheessuu fi dibaticha irraa nama isaaf hin heyyamamne* dibu kam iyyuu saba isaa gidduudhaa balleeffamuu* qaba.’”+
34 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Urgooftuuwwan kana,+ jechuunis haphee coccophu, oniikaa,* haphee urgaaʼuu fi ixaana adii qulqulluu taʼe wal qixa godhiitii fudhadhu. 35 Atis ixaana godhii isa qopheessi;+ urgooftuun kun ogummaadhaan walitti haa makamu, soogiddi itti haa naqamu,+ homtuu itti hin makamin, akkasumas qulqulluu haa taʼu. 36 Atis muraasa isaa tumiitii bulleessi; achiis muraasa isaa bakka ani sitti mulʼadhu, jechuunis Dhugaa Baatuu isa dunkaana walgaʼii keessa jiru fuuldura kaaʼi. Innis isiniif hundumaa caalaa qulqulluu taʼuu qaba. 37 Ixaana ati akka kanaan qopheessitu ofii keessaniif itti fayyadamuuf hin qopheessinaa.+ Kun Yihowaadhaaf qulqulluu akka taʼe godhiitii ilaali. 38 Namni urgaa isaatti gammaduuf ixaana akkanaa qopheessu kam iyyuu saba isaa gidduudhaa balleeffamuu* qaba.”
31 Yihowaan akkana jedhee Museetti dubbachuu isaa itti fufe: 2 “Kunoo, ani Bezaaliʼel+ isa ilma Uurii, ilma ilma Huur isa gosa Yihudaa+ taʼe sana filadheera.* 3 Inni ogummaa, hubannaa fi beekumsa akka qabaatuuf, akkasumas ogummaa harkaa akaakuu hundumaa irratti dandeettii akka qabaatuuf hafuura Waaqayyootiin isa nan guuta; 4 kanas kanan godhu, pilaaniiwwan adda addaa akka qopheessuuf, warqii, meetii fi sibiila diimaadhaan wantoota adda addaa akka hojjetuuf, 5 dhagoota akka bocuu fi iddoo isaan taaʼan akka qopheessuuf,+ akkasumas muka irraa wantoota adda addaa akka tolchuufi.+ 6 Akka isa gargaaruufis Oholiyaab+ ilma Ahisaamaak isa gosa Daan taʼe muudeera; ani garaa namoota dandeettii* qaban hundumaa keessa ogummaa nan kaaʼa; kunis wanta ani si ajaje kana hundumaa akka hojjetaniifi:+ 7 dunkaana walgaʼii,+ taabota Dhugaa Baatuu+ fi qadaada+ isa irra taaʼu, miʼawwan dunkaanichaa hundumaa, 8 minjaalichaa+ fi miʼawwan isaa, baattuu ibsaa warqii qulqulluu irraa tolfamuu fi miʼawwan isaa hundumaa,+ iddoo aarsaa ixaanaa,+ 9 iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatuu+ fi miʼawwan isaa hundumaa, miʼa bishaanii fi wanta inni irra taaʼu,+ 10 uffatawwan baʼeessa taʼanii dhaʼaman, uffatawwan qulqulluu Aaron lubichi uffatu, uffatawwan ilmaan isaa luboota taʼanii tajaajiluuf uffatan,+ 11 zayitii dibataa fi ixaana urgaaʼu isa iddoo qulqulluutiif taʼu.+ Isaan wanta ani si ajaje hundumaa ni hojjetu.”
12 Yihowaan ammas Museedhaan akkana jedhe: 13 “Akkana jedhii Israaʼelotatti dubbadhu: ‘Ani Yihowaan isa isin qulqulleessu akkan taʼe akka beektaniif, guutummaa dhaloota keessanii keessatti mallattoo waan taʼeef, keessumaa sanbatawwan koo kabajaa.+ 14 Inni isiniif wanta qulqulluu waan taʼeef, Sanbata kabajaa.+ Namni isa xureessu kam iyyuu haa ajjeeffamu. Namni kam iyyuu guyyaa kanatti hojii akkamii iyyuu yoo hojjete namni* sun saba isaa gidduudhaa balleeffamuu* qaba.+ 15 Guyyaa jaʼaaf hojiin hojjetamuu dandaʼa; guyyaan torbaffaan garuu sanbata guutummaatti itti boqotamu dha.+ Guyyaan kun Yihowaadhaaf qulqulluu dha. Namni guyyaa Sanbataatti hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu. 16 Israaʼelonni Sanbata haa kabajan; isaan guutummaa dhaloota isaanii keessatti Sanbata haa kabajan. Kun kakuu dhaabbataa dha. 17 Yihowaan guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa erga uumee booda guyyaa torbaffaatti waan boqotee fi waan gammadeef,+ sanbanni anaa fi saba Israaʼel gidduutti mallattoo dhaabbataa dha.’”+
18 Waaqayyos Gaara Siinaa irratti isaa wajjin dubbatee akkuma xumureen, gabateewwan Dhugaa Baatuu+ lama, jechuunis gabateewwan dhagaa quba Waaqayyootiin+ irratti barreeffame sana Museetti ni kenne.
32 Boodas sabichi Museen gaaricha irraa utuu hin buʼin yeroo dheeraan darbuu isaa ni arge.+ Kanaafuu, isaan Aaron biratti walitti qabamanii, “Nuti wanta Musee isa biyya Gibxiitii nu baase sana irra gaʼe waan hin beekneef, kaʼiitii waaqa nu dura deemu nuuf tolchi” isaan jedhan.+ 2 Yeroo kanatti Aaron, “Lootiiwwan warqii+ gurra haadhotii manaa keessan, ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa keessan irra jiran fuudhaatii gara kootti fidaa” isaaniin jedhe. 3 Namoonni hundis lootiiwwan warqii gurra isaanii irra jiran baasanii gara Aaronitti fiduu jalqaban. 4 Achiis inni warqii sana isaan irraa fuudhee, miʼa boca ittiin baasaniin bocee siidaa jabbii* godhee tolche.+ Isaanis, “Yaa Israaʼel, Waaqni kee inni biyya Gibxiitii si baase isa kana dha” jechuu jalqaban.+
5 Aaronis yommuu kana argu, isa fuulduratti iddoo aarsaa tokko ni ijaare. Achiis sagalee isaa ol kaasee, “Boru ayyaanni Yihowaadhaaf kabajamu jira” jedhe. 6 Kanaafuu, isaan guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanii aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa dhiheessuu jalqaban. Sana booda sabichi nyaachuu fi dhuguuf ni taaʼe. Achiis sirbuudhaaf ol ni kaʼe.+
7 Yihowaan ammas Museedhaan akkana jedhe: “Sabni ati biyya Gibxiitii baaste sun waan of xureesseef,+ kaʼiitii gad buʼi. 8 Isaan daandii akka irra deeman ani isaan ajaje irraa hatattamaan jalʼataniiru.+ Ofii isaaniitiifis siidaa jabbii* tolfataniiru; akkasumas, ‘Yaa Israaʼel, Waaqni kee inni biyya Gibxiitii si baase isa kana dha’ jedhanii isaaf sagadaa fi aarsaa isaaf dhiheessaa jiru.” 9 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: “Sabni kun didaa* taʼuu isaa ani argeera.+ 10 Kanaafuu, aarii koo isa bobaʼaadhaan haxaaʼee isaan nan balleessa; siin garuu saba guddaa nan godha.”+
11 Museenis akkana jedhee Waaqa isaa Yihowaa kadhate:+ “Yaa Yihowaa, ati humna kee isa guddaa fi harka kee isa jabaadhaan biyya Gibxii keessaa saba kee erga baastee booda, aariin kee isaan irratti akka bobaʼu maaliif goota?+ 12 Warri Gibxii, ‘Inni asii kan isaan baase hammina isaan irratti yaadee ti. Gaarota irratti isaan ajjeesuu fi lafa irraa haxaaʼee isaan balleessuu barbaadee ti’ akka jedhan hoo maaliif goota?+ Aarii kee isa bobaʼaa irraa deebiʼi; murtoo saba kee irratti rakkina kana fiduuf gootes irra deebiʼii itti yaadi.* 13 Tajaajiltoota kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Israaʼel warra, ‘Ani sanyii keessan akka urjiilee samiitti nan baayʼisa;+ isaan dhaala dhaabbataa godhanii akka isa qabataniifis biyya ani sanyii keessaniif ramade kana hundumaa isaaniif nan kenna’ jettee ofiin isaaniif kakatte sana yaadadhu.”+
14 Kanaafuu, Yihowaan waaʼee rakkina saba isaa irratti akka fidu dubbate sanaa irra deebiʼee itti yaaduu* jalqabe.+
15 Achiis Museen gabateewwan Dhugaa Baatuu+ lamaan sana harka isaatti qabatee+ deebiʼee gaaricha irraa gad ni buʼe. Gabateewwan sun karaa lamaan kan irratti bocame turan; fuulduraa fi duubaan kan irratti barreeffame turan. 16 Gabateewwan sana kan tolche Waaqayyo ture; barreeffamni gabateewwan sana irra jirus barreeffama Waaqayyo boce ture.+ 17 Iyyaasuun sabichi iyyaa waan tureef waca isaanii yommuu dhagaʼu Museedhaan, “Buufaticha keessaa sagalee waraanaatu dhagaʼama” jedhe. 18 Museen garuu akkana jedhe:
“Kun sagalee sirba injifannoo miti;
Sagalee wawwaannaa yeroo moʼamanitti dhagaʼamus miti;
Sagaleen ani dhagaʼu kun sagalee sirba kan biraa ti.”
19 Museenis buufatichatti dhihaatee jabbii+ sanaa fi sirba isaanii akkuma argeen, aariin isaa ni bobaʼe; achiis gabateewwan harka isaa irra jiran sana darbatee gaaricha jalatti caccabse.+ 20 Jabbii isaan tolchan sanas fuudhee ibiddaan gube; caccabsees daakuu godhe;+ achiis bishaanicha irratti bittinneessee Israaʼelonni akka isa dhugan ni godhe.+ 21 Museenis Aaroniin, “Sabni kun maal si goonaan cubbuu guddaa kana isa irratti fidde?” jedhe. 22 Aaronis deebisee akkana jedhe: “Yaa gooftaa koo, hin dheekkamin. Sabichi wanta hamaa gochuu akka jaallatu ati iyyuu akka gaariitti beekta.+ 23 Kanaafuu isaan, ‘Nuti wanta Musee isa biyya Gibxiitii nu baase sana irra gaʼe waan hin beekneef, waaqa nu dura deemu nuuf tolchi’ naan jedhan.+ 24 Anis, ‘Namni warqii qabu kam iyyuu of irraa baasee anatti haa kennu’ isaaniin nan jedhe. Achiis warqii sana ibidda keessatti nan darbadhe; innis jabbii kana taʼee baʼe.”
25 Museen sabichi gadhiisii akka taʼe ni arge; sababiin isaas, isaan warra isaan morman duratti akka salphataniif, Aaron gadhiisii akka taʼan isaan godhee ture. 26 Achiis Museen karra buufatichaa duratti iddoo isaa qabatee, “Yihowaa cinaa kan dhaabbatu eenyu? Gara koo haa dhufu!”+ jedhe. Leewwonni hundis naannoo isaatti walitti ni qabaman. 27 Yeroo kanatti inni, “Yihowaan Waaqni Israaʼel, ‘Tokkoon tokkoon namaa goraadee isaa haa hidhatu; achiis guutummaa buufatichaa keessa karra tokko irraa gara karra isa kaanii deemuudhaan obboleessa isaa, ollaa isaa fi michuu isaa haa ajjeesu’ jedheera” isaaniin jedhe.+ 28 Leewwonnis wanta Museen dubbate ni raawwatan. Kanaafuu, guyyaa sanatti dhiironni gara 3,000 taʼan ni ajjeefaman. 29 Achiis Museen, “Tokkoon tokkoon keessan ilma keessan irrattii fi obboleessa keessan irratti waan kaataniif, harʼa isin Yihowaadhaaf adda of baasaa;*+ inni harʼa eebba isiniif ni kenna”+ jedhe.
30 Museen guyyaa itti aanutti sabichaan, “Isin cubbuu baayʼee guddaa taʼe raawwattaniittu; kanaafuu, ani amma cubbuu keessaniif araara argamsiisuu akkan dandaʼu ilaaluuf gara Yihowaatti ol nan baʼa”+ jedhe. 31 Achiis Museen gara Yihowaatti deebiʼee akkana jedhe: “Cubbuun sabni kun raawwate baayʼee guddaa dha! Isaan warqii irraa waaqa tolfataniiru!+ 32 Taʼus amma fedhii kee yoo taʼe, cubbuu isaanii isaaniif dhiisi;+ taʼuu baannaan garuu, maaloo kitaaba kee isa barreessite irraa na haqi.”+ 33 Yihowaan garuu Museedhaan akkana jedhe: “Nama ana irratti cubbuu hojjete kam iyyuu kitaaba koo irraa nan haqa. 34 Amma dhaqiitii sabicha gara iddoo ani sitti hime sanatti geessi. Kunoo, maleekaan koo si dura ni deema;+ guyyaa ani itti qoru sanattis, cubbuu isaaniitiif isaan irratti adaba nan fida.” 35 Achiis Yihowaan sabichi siidaa jabbii hojjechuu isaatiin kan kaʼe dhaʼicha isa irratti ni fide; isaan siidaa jabbii akka isaaniif tolchu Aaronitti himanii turan.
33 Yihowaan ammas Museedhaan akkana jedhe: “Saba biyya Gibxiitii baastee wajjin asii deemiitii karaa kee itti fufi. Gara biyya ani Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif, ‘Sanyii keetiif isa nan kenna’ jechuudhaan kakadhe sanatti qajeelaa.+ 2 Ani maleekaa tokko si dura nan erga;+ Kanaʼaanota, Amoorota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota achi keessaa nan ariʼa.+ 3 Gara biyya aannanii fi damma maddisiistutti ol baʼaa.+ Taʼus isin saba didaa* waan taataniif,+ karaa irrattis isin balleessuu waanan dandaʼuuf,+ ani isin gidduu hin deemu.”
4 Sabichis yommuu dubbii cimaa taʼe kana dhagaʼu ni gadde; isaan keessaas namni tokko illee faaya isaa hin godhanne. 5 Yihowaanis Museedhaan akkana jedhe: “‘Isin saba didaa* taʼe dha.+ Ani takkaatti isin gidduu darbee haxaaʼee isin balleessuu nan dandaʼan ture.+ Kanaafuu, amma wantan isin irratti raawwadhu hamman murteessutti faaya keessan hin godhatinaa’ jedhii Israaʼelotatti dubbadhu.” 6 Kanaafuu, Israaʼelonni Gaara Horeebii jalqabee faaya godhachuu irraa of qusatanii turan.*
7 Museen dunkaana isaa fuudhee buufatichaa alatti xinnuma achi siqsee dhaabuudhaan maqaa isaa dunkaana walgaʼii jedhee moggaase. Namni Yihowaa waa gaafachuu+ barbaadu kam iyyuu gara dunkaana walgaʼii isa buufatichaa ala jiru sanaa ni dhaqa ture. 8 Yommuu Museen baʼee gara dunkaanichaa deemu, guutummaan sabichaa kaʼee balbala dunkaana ofii isaa irra ni dhaabbata ture; isaan hamma Museen dunkaanicha keessa seenutti xiyyeeffannaadhaan isa ilaalu turan. 9 Akkuma Museen dunkaanicha keessa seeneenis, hamma Waaqayyo Musee wajjin dubbatutti utubaan duumessaa+ sun gad buʼee balbala dunkaanichaa irra dhaabbata ture.+ 10 Guutummaan sabichaa utubaan duumessaa sun balbala dunkaanichaa irra dhaabbachuu isaa yommuu argan, tokkoon tokkoon isaanii kaʼanii balbala dunkaana ofii isaanii duratti sagadu turan. 11 Yihowaan Musee kan haasofsiisu, akkuma namni tokko nama kan biraa haasofsiisutti fuulaa fuulatti ture.+ Yommuu inni gara buufatichaatti deebiʼu, Iyyaasuun+ ilmi Nuun inni tajaajilaa fi gargaaraa+ isaa taʼe dunkaanicha biraa hin deemu ture.
12 Museen ammas Yihowaadhaan akkana jedhe: “Kunoo, ati, ‘Saba kana geggeessi’ naan jetteetta; garuu anaa wajjin eenyuun akka ergitu na hin beeksisne. Kana malees ati, ‘Ani maqaadhaan si beeka;* na durattis fudhatama argatteetta’ naan jetteetta. 13 Maaloo, ani si duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, akkan si beekuu fi si duratti fudhatama argachuu koo akkan itti fufuuf daandiiwwan kee na beeksisi.+ Uummanni kunis saba kee akka taʼe yaadi.”+ 14 Kanaafuu inni, “Ani ofii kootii* sii wajjin nan deema;+ boqonnaas siif nan kenna”+ isaan jedhe. 15 Achiis Museen akkana isaan jedhe: “Ati ofii keetii* nuu wajjin hin deemtu taanaan, asii akka baanu hin godhin. 16 Taʼuu baannaan garuu, anii fi sabni kee si duratti fudhatama akka arganne akkamitti beekama? Anii fi sabni kee saba lafa irra jiru hundumaa irraa adda akka taane kan beekamu,+ yoo ati nuu wajjin deemte mitii ree?”+
17 Yihowaanis Museedhaan, “Ati na duratti fudhatama waan argattee fi maqaadhaan waanan si beekuuf, wanta gaafatte kanas nan raawwadha” jedhe. 18 Innis, “Maaloo, ulfina kee natti argisiisi” isaan jedhe. 19 Inni garuu, “Ani gaarummaan koo hundi fuula kee dura akka darbu nan godha; akkasumas maqaa Yihowaa si duratti nan labsa;+ isan gaarummaa argisiisutti gaarummaa nan argisiisa, isan gara laafina argisiisuttis gara laafina nan argisiisa” jedhe.+ 20 Itti dabaluudhaanis, “Namni kam iyyuu na argee lubbuudhaan jiraachuu waan hin dandeenyeef, ati fuula koo arguu hin dandeessu” jedhe.
21 Yihowaan ammas akkana jedhe: “Kunoo iddoon natti dhihoo taʼe tokko jira. Qarsaa kana irra dhaabbadhu. 22 Yommuu ulfinni koo achiin darbu, holqa qarsaa sanaa keessa sin kaaʼa; hamman achiin darbuttis harka kootiin sin dhoksa. 23 Sana booda harka koo nan deebisa; atis dugda koo ni argita. Fuulli koo garuu hin mulʼatu.”+
34 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Gabateewwan dhagaa warra jalqabaa fakkaatan lama boci;+ anis gabateewwan kana irratti jechoota gabateewwan dhagaa warra jalqabaa warra ati caccabsite+ sana irra turan nan barreessa.+ 2 Ganamaaf qophaaʼi; ati ganamaan gara Gaara Siinaatti ol ni baata; achittis fiixee gaarichaa irratti ana dura dhaabbatta.+ 3 Haa taʼu malee, eenyu iyyuu sii wajjin akka ol hin baane; eenyu iyyuu gaaricha irratti bakka kamitti iyyuu akka hin argamne. Bushaayeewwan yookiin loon illee gaaricha fuuldura dheeduu hin qaban.”+
4 Kanaafuu, Museen akkuma Yihowaan isa ajajetti gabateewwan dhagaa warra jalqabaa fakkaatan lama bocee ganama bariidhaan kaʼee Gaara Siinaatti ol baʼe; gabateewwan dhagaa lamaan sanas harka isaatti qabatee ture. 5 Achiis Yihowaan duumessa keessa gad buʼee+ achitti isa bira dhaabbate; maqaa Yihowaas ni labse.+ 6 Yihowaanis akkana jedhee labsaa isa dura darbe: “Yihowaa, Yihowaa Waaqa araara qabeessaa+ fi gara laafessa*+ taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu,+ jaalalli isaa inni amanamaanii+ fi dhugaan*+ isaa baayʼee kan taʼe, 7 jaalala amanamaa kumaatamatti kan argisiisu,+ dogoggora, balleessaa fi cubbuu kan namaaf dhiisu,+ taʼus, isa balleessaa qabu matumaa utuu hin adabin kan hin dhiisne,+ balleessaa abbootiin raawwataniif ilmaan isaanii, ilmaan ijoollee isaanii, dhaloota sadaffaa fi dhaloota arfaffaa kan adabu.”+
8 Museenis yeruma sana lafatti gombifamee sagade. 9 Achiis akkana jedhe: “Yaa Yihowaa, ani si duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, maaloo Yihowaa, saba didaa* yoo taane iyyuu+ ati nu gidduu taʼiitii nuu wajjin deemi;+ dogoggoraa fi cubbuu keenya nuuf dhiisi;+ akka qabeenya dhuunfaa keettis nu simadhu.” 10 Innis deebisee akkana jedhe: “Kunoo, ani kakuu kana nan gala: Guutummaa saba keetii duratti wantoota dinqisiisoo guutummaa lafaa irratti yookiin saboota hundumaa gidduutti matumaa raawwatamanii* hin beekne nan raawwadha;+ wanti ani siif raawwadhu kun wanta dinqisiisaa waan taʼeef, namoonni ati gidduu isaanii jiraattu hundi hojii Yihowaa ni argu.+
11 “Wantan harʼa si ajaju kanaaf xiyyeeffannaa kenni.+ Kunoo ani, Amoorota, Kanaʼaanota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota si duraa nan ariʼa.+ 12 Jiraattota biyyattii warra ati gara isaanii deemaa jirtuu wajjin kakuu akka hin galle of eeggadhu;+ taʼuu baannaan garuu isaan kiyyoo sitti taʼuu dandaʼu.+ 13 Kanaa mannaa, iddoowwan aarsaa isaanii diigi; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsi; utubaawwan waaqeffannaa* isaaniis mummuri.+ 14 Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu* taʼuu isaatiin beekamu* waan taʼeef, waaqa kan biraatiif hin sagadin.+ Eeyyee, inni Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu dha.+ 15 Jiraattota biyyattii wajjin kakuu akka hin galle of eeggadhu; sababiin isaas, yommuu isaan waaqolii isaanii wajjin sagaagalanittii fi waaqolii isaaniitiif aarsaa dhiheessanitti,+ namni tokko si affeeree atis aarsaa inni dhiheesse irraa nyaachuu dandeessa taʼa.+ 16 Achiis ijoollee dhiiraa kee ijoollee durbaa isaanii fuusisuun kee hin oolu;+ ijoolleen durbaa isaaniis waaqolii isaanii wajjin sagaagaluu fi ijoolleen dhiiraa kees waaqolii isaanii wajjin akka sagaagalan gochuun isaanii hin oolu.+
17 “Sibiila baqsitee waaqolii hin tolchin.+
18 “Ayyaana Maxinoo kabaji.+ Akkuman si ajajetti maxinoo ni nyaatta; biyya Gibxii keessaa kan baate jiʼa Abiibitti* waan taʼeef, jiʼa Abiib keessa yeroo murtaaʼetti guyyaa torbaaf akkana godhi.+
19 “Dhiirri angafa taʼe kam iyyuu* kan koo ti;+ qotiyyoos taʼe hoolaa, horii kee keessaa kormaan jalqaba dhalatu hundi kan koo ti.+ 20 Harree jalqaba dhalate hoolaadhaan furi. Yoo furuu baatte garuu morma isaa cabsi. Ilmaan kee keessaa isa angafa taʼe hundumaa furi.+ Eenyu iyyuu harka duwwaa ana duratti hin dhihaatin.
21 “Guyyaa jaʼaaf hojii ni hojjetta; guyyaa torbaffaatti garuu ni boqotta.*+ Yeroo qonnaattii fi yeroo makaraatti illee ni boqotta.
22 “Midhaan yeroo qamadiin haamamutti gaʼu keessaa isa jalqabaatiin Ayyaana Torbeewwanii kabaji; dhuma waggichaatti immoo Ayyaana Midhaan Sassaabbii* kabaji.+
23 “Dhiironni kee hundi waggaatti siʼa sadii Yihowaa Waaqa Israaʼel isa Gooftaa dhugaa taʼe duratti haa dhihaatan.+ 24 Saboota si duraa nan ariʼa;+ daangaa kees nan balʼisa; ati waggaatti siʼa sadii fuula Waaqa kee Yihowaa ilaaluuf yommuu ol baatutti eenyu iyyuu biyya kee hin hawwu.
25 “Dhiiga aarsaa taʼee anaaf dhihaatu wanta raacitii qabu akkamii iyyuu wajjin hin dhiheessin.+ Aarsaan ayyaana Faasikaa irratti dhihaatu hamma ganamaatti turuu hin qabu.+
26 “Firiiwwan biyyoo keetii warra jalqaba gaʼanii fi hunda irra caalan gara mana Waaqa kee Yihowaatti fidi.+
“Ilmoo reʼee aannan haadha isaatiin hin affeelin.”+
27 Yihowaanis itti fufuudhaan Museedhaan, “Ani akkuma jechoota kanaatti sii wajjinii fi Israaʼelii wajjin kakuu waanan galuuf,+ wantoota kana barreessi”+ jedhe. 28 Innis guyyaa 40 fi halkan 40f achuma Yihowaa bira ture. Inni nyaata hin nyaanne, bishaanis hin dhugne.+ Innis* jechoota kakuu sana, jechuunis Ajajawwan Kurnan* gabateewwan sana irratti ni barreesse.+
29 Achiis Museen Gaara Siinaa irraa gad ni buʼe; gabateewwan Dhugaa Baatuu lamaan sunis harka isaa irra turan.+ Yommuu gaaricha irraa gad buʼus, Waaqayyoo wajjin dubbachuu isaatiin kan kaʼe, fuulli isaa calaqqisaa akka ture hin beekne. 30 Aaronii fi Israaʼelonni hundi Musee yommuu ilaalan, fuulli isaa akka calaqqisu hubatan; kanaafuu, isatti dhihaachuu sodaatan.+
31 Museen garuu isaan ni waame; kanaafuu, Aaronii fi geggeessitoonni yaaʼichaa hundi gara isaa dhufan; Museenis isaanitti dubbate. 32 Sana booda Israaʼelonni hundi isatti ni dhihaatan; innis ajajawwan Yihowaan Gaara Siinaa irratti isaaf kenne hundumaa isaanitti ni hime.+ 33 Museen isaanitti dubbachuu isaa yommuu xumurutti, fuula isaa ni haguuggata ture.+ 34 Haa taʼu malee, Museen isaa wajjin dubbachuuf yommuu gara Yihowaa dhaqutti, hamma achii baʼutti haguuggii sana of irraa ni fuudha ture.+ Achiis gad baʼee ajajawwan fudhate sana Israaʼelotatti hima ture.+ 35 Israaʼelonnis fuulli Musee akka calaqqisu ni argan; Museenis Waaqayyoo* wajjin dubbachuuf hamma seenutti fuula isaa ni haguuggate.+
35 Boodas Museen guutummaa yaaʼii Israaʼel walitti qabee akkana isaaniin jedhe: “Wantoonni akka raawwataman Yihowaan ajaje kanneen kana dha:+ 2 Guyyaa jaʼaaf hojiin hojjetamuu dandaʼa; guyyaan torbaffaan garuu isiniif qulqulluu fi sanbata Yihowaadhaaf guutummaatti itti boqotamu dha.+ Namni guyyaa kanatti hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu.+ 3 Iddoowwan jireenyaa keessan keessaa isa kamitti iyyuu guyyaa Sanbataatti ibidda hin qabsiisinaa.”
4 Achiis Museen guutummaa yaaʼii Israaʼeliin akkana jedhe: “Wanti Yihowaan ajaje kana dha: 5 ‘Wanta qabdan keessaa Yihowaadhaaf buusii fidaa.+ Namni fedhii qabu+ hundi Yihowaadhaaf buusii kana haa fidu: warqii, meetii, sibiila diimaa, 6 foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa, foʼaa quncee talbaa baʼeessa, rifeensa reʼee,+ 7 gogaa korbeessa hoolaa halluu diimaa cuuphame, gogaa tahaash, muka laaftoo, 8 zayitii ibsaawwanii, baalsaamii zayitii dibataa fi ixaana urgaaʼuuf oolu,+ 9 dhagoota oniiksii fi dhagoota kaan warra efuudii+ fi kiisii qomaa+ irratti maxxanfaman.
10 “‘Isin gidduudhaa namni dandeettii* qabu hundi+ dhufee wanta Yihowaan ajaje hundumaa haa raawwatu; 11 isaanis godoo qulqulluu fi dunkaana isaa, wanta dunkaanicha irraan uwwifamu, wal qabsiistuuwwan isaa, maqaaniiwwan isaa, danqaraawwan isaa, utubaawwan isaa fi miiloowwan isaa warra uraa qaban, 12 Taabotichaa+ fi danqaraawwan+ isaa, qadaadichaa+ fi golgaa+ isa duratti fannifamu, 13 minjaalichaa+ fi danqaraawwan isaa, miʼawwan isaa hundumaa fi daabboo ilaalchaa,+ 14 baattuu ibsaa+ fi miʼawwan isaa, ibsaawwan isaa fi zayitii ibsaadhaaf taʼu,+ 15 iddoo aarsaa ixaanaa+ fi danqaraawwan isaa, zayitii dibataa fi ixaana urgaaʼu,+ golgaa balbala godoo qulqulluutiif taʼu, 16 iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatuu+ fi waan akka gingilchaa sibiila diimaa irraa tolfame, danqaraawwan isaa fi miʼawwan isaa hundumaa, miʼa bishaanii fi wanta inni irra taaʼu,+ 17 golgaawwan mooraa+ sanaa, utubaawwan isaanii fi miiloowwan isaanii warra uraa qaban, golgaa balbala mooraa sanaa, 18 qofoowwan dunkaanaa godoo qulqulluu fi qofoowwan dunkaanaa mooraa sanaa, akkasumas funyoowwan isaanii,+ 19 uffatawwan baʼeessa taʼanii dhaʼamanii+ fi iddoo qulqulluu keessatti tajaajiluuf uffataman, uffatawwan qulqulluu Aaron lubichi uffatu,+ akkasumas uffatawwan ilmaan isaa luboota taʼanii tajaajiluuf uffatani dha.’”
20 Achiis guutummaan yaaʼii Israaʼel Musee duraa baʼanii deeman. 21 Warri garaan isaanii isaan dirqisiise hundii+ fi hafuurri isaanii isaan kakaase hundi dhufanii, dunkaana walgaʼichaatiif, tajaajila achi keessatti raawwatamu hundumaatiif, akkasumas uffatawwan qulqulluudhaaf akka taʼutti buusii isaanii Yihowaadhaaf ni fidan. 22 Dhiironnii fi dubartoonni warri fedhii qaban hundi faayawwan uffata irratti maxxanfaman, lootiiwwan, qubeellaawwan, faayawwan kaanii fi miʼawwan warqii akaakuu adda addaa fidanii dhufu turan. Hundi isaanii kennaawwan warqii isaanii* Yihowaadhaaf ni dhiheessan.+ 23 Warri foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa, foʼaa quncee talbaa baʼeessa, rifeensa reʼee, gogaa korbeessa hoolaa halluu diimaa cuuphamee fi gogaa tahaash qaban hundi wanta qaban ni fidan. 24 Namoonni meetii fi sibiila diimaa buusii gochuuf fedhii qaban hundi Yihowaadhaaf buusii ni fidan; warri muka laaftoo hojichaaf taʼu qaban hundi isa ni fidan.
25 Dubartoonni dandeettii qaban hundi+ harka isaaniitiin foʼanii wanta foʼan sana, jechuunis foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi foʼaa quncee talbaa baʼeessa taʼe ni fidan. 26 Dubartoonni dandeettii qaban warri garaan isaanii isaan dirqisiise hundi rifeensa reʼee ni foʼan.
27 Geggeessitoonnis dhagoota oniiksii fi dhagoota kaan warra efuudii fi kiisii qomaa+ irratti maxxanfaman, 28 akkasumas baalsaamii, zayitii ibsaadhaaf oolu, zayitii dibataaf+ ooluu fi zayitii ixaana urgaaʼuuf+ oolu ni fidan. 29 Dhiironnii fi dubartoonni warri garaan isaanii isaan kakaase hundi hojii Yihowaan karaa Musee ajaje sanaaf wanta barbaachisu ni fidan; Israaʼelonnis kennaa fedhiidhaan Yihowaadhaaf kennamu godhanii wantoota kana ni fidan.+
30 Achiis Museen Israaʼelotaan akkana jedhe: “Kunoo, Yihowaan Bezaaliʼel isa ilma Uurii, ilma ilma Huur isa gosa Yihudaa taʼe sana filateera.+ 31 Waaqayyos inni ogummaa, hubannaa fi beekumsa akka qabaatuuf, akkasumas ogummaa harkaa akaakuu hundumaa irratti dandeettii akka qabaatuuf hafuura isaatiin isa guuteera; 32 kanas kan godhe, pilaaniiwwan adda addaa akka qopheessuuf, warqii, meetii fi sibiila diimaadhaan wantoota adda addaa akka hojjetuuf, 33 dhagoota akka bocuu fi iddoo isaan taaʼan akka qopheessuuf, akkasumas muka irraa wantoota mimmiidhagoo taʼan adda addaa akka tolchuufi. 34 Waaqayyo innii fi Oholiyaab+ ilmi Ahisaamaak inni gosa Daan taʼe sun warra kaan akka barsiisaniif ogummaa isaaniif kenneera. 35 Inni hojii ogummaa harkaa hundumaa, hojii xilfii dhaʼuu, akkasumas foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi foʼaa quncee talbaa baʼeessatti fayyadamanii wayyaa akka dhaʼanii fi hojii wayyaa dhaʼuu kan biraa akka hojjetan dandeettii* isaaniif kenneera.+ Namoonni kun hojii akaakuu hundumaa ni hojjetu; pilaanii akaakuu hundumaas ni qopheessu.
36 “Bezaaliʼel, Oholiyaabii fi nama dandeettii* qabu hundumaa wajjin ni hojjeta; namoonni kun akkuma Yihowaan ajajetti hojii tajaajila qulqulluu hundumaa hojjechuu akka beekaniif Yihowaan ogummaa fi hubannaa isaaniif kenneera.”+
2 Achiis Museen Bezaaliʼel, Oholiyaabii fi nama dandeettii qabu hundumaa warra Yihowaan garaa isaanii keessa ogummaa kaaʼee+ fi nama hojicha fedhiidhaan hojjechuuf garaan isaa isa dirqisiise+ hundumaa ni waame. 3 Achiis isaan buusii+ Israaʼelonni hojii tajaajila qulqulluu sanaaf fidan hundumaa Musee harkaa ni fuudhan. Haa taʼu malee, uummatichi ganama ganama kennaawwan fedhiidhaan dhihaatan gara isaatti fiduu isaa ittuma fufe.
4 Achiis hojii qulqulluu sana erga jalqabanii booda, hojjettoonni dandeettii qaban hundi tokko tokkoon dhufanii, 5 “Uummatichi hojii akka hojjetamu Yihowaan ajajeef wanta barbaachisu irra baayʼee caalu fidaa jira” jedhanii Museetti himu turan. 6 Kanaafuu Museen beeksisni, “Yaa namoota Israaʼel, buusii qulqulluudhaaf kana booda miʼawwan hin fidinaa” jedhu guutummaa buufatichaatti akka himamu ajaje. Akka kanaan uummatichi wanta akkamii iyyuu akka hin fidne ni ittifame. 7 Miini sun hojii hojjetamuu qabu hundumaatiif gaʼaa ture; hamma barbaachisu irras kan caalu ture.
8 Kanaafuu, hojjettoonni dandeettii qaban hundi+ huccuuwwan dunkaanaa quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee fi foʼaa diimaa irraa tolfaman kudhan irraa godoo qulqulluu+ ni tolchan; innis* isaan irratti bifa kiruubelotaa ni dhaʼe.+ 9 Huccuun dunkaanaa tokkoon tokkoon isaa dheerinni isaa dhundhuma* 28, dalgi isaa immoo dhundhuma 4 ture. Huccuuwwan dunkaanaa hundi hammi isaanii qixxee ture. 10 Innis huccuuwwan dunkaanaa shan walitti ni qabsiise; huccuuwwan dunkaanaa shan kaanis walitti ni qabsiise. 11 Sana booda qarqara huccuu dunkaanaa isa dhumaa bakka itti wal qabsiifamu irratti gurroowwan foʼaa bifa cuquliisaa ni tolche. Huccuu dunkaanaa isa kan biraa keessaa qarqara huccuu bakka isa kan biraa wajjin itti wal qabatu irrattis akkanuma ni godhe. 12 Inni bakka itti wal qabatanitti fuullee walii akka taʼaniif, huccuu dunkaanaa isa tokko irratti gurroowwan 50, qarqara huccuu dunkaanaa isa kan biraa irrattis gurroowwan 50 ni tolche. 13 Dhuma irrattis godoon qulqulluun sun tokko akka taʼuuf, warqii irraa wal qabsiistuu 50 tolchee huccuuwwan dunkaanaa sana wal qabsiistuu sanaan wal qabsiise.
14 Achiis dunkaana godoo qulqulluu sana akka uwwisuuf rifeensa reʼee irraa huccuuwwan dunkaanaa ni tolche. Huccuuwwan dunkaanaa inni tolche 11 turan.+ 15 Huccuun dunkaanaa tokkoon tokkoon isaa dheerinni isaa dhundhuma 30, dalgi isaa immoo dhundhuma 4 ture. Huccuuwwan dunkaanaa 11n hundi hammi isaanii qixxee ture. 16 Achiis huccuuwwan dunkaanaa shan walitti ni qabsiise; huccuuwwan dunkaanaa kaan jaʼas walitti ni qabsiise. 17 Sana booda huccuuwwan dunkaanaa walitti qabsiifaman keessaa qarqara huccuu isa dhumaa irratti gurroowwan 50 ni tolche; huccuuwwan dunkaanaa walitti qabsiifaman kaan keessaa qarqara huccuu bakka isa kan biraa wajjin itti wal qabatu irrattis gurroowwan 50 ni tolche. 18 Dunkaanichi wal qabatee tokko akka taʼuufis sibiila diimaa irraa wal qabsiistuu 50 ni tolche.
19 Inni gogaa korbeessa hoolaa halluu diimaa cuuphame irraa wanta dunkaanicha irraan uwwifamu ni tolche; wanta isa irraan uwwifamu immoo gogaa tahaash irraa ni tolche.+
20 Achiis godoo qulqulluu sanaaf muka laaftoo+ irraa maqaaniiwwan ol dhaabbatan ni tolche.+ 21 Tokkoon tokkoon maqaanii kanaa ol dheerinni isaa dhundhuma kudhan, dalgi isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture. 22 Maqaanichi tokkoon tokkoon isaa muchawwan wal bira jiran lama qaba ture. Maqaaniiwwan godoo qulqulluu hundumaa kan tolche akka kanaan ture. 23 Akka kanaan karaa kibba godoo qulqulluutiif maqaaniiwwan kallattii kibbaatti garagalan 20 ni tolche. 24 Achiis miiloowwan uraa qabanii fi maqaaniiwwan 20n kana jala oolan 40 meetii irraa ni tolche; muchawwan maqaanii tokko jala jiran lamaaniif miiloowwan uraa qaban lama, muchawwan maqaaniiwwan itti aanan jala jiran kaaniifis muchawwan lama lamaaf miiloowwan uraa qaban lama lama ni tolche.+ 25 Karaa kaaba godoo qulqulluutiif maqaaniiwwan 20 ni tolche; 26 akkasumas miiloowwan isaanii warra uraa qaban 40 meetii irraa ni tolche; maqaanii tokko jalatti miiloowwan uraa qaban lama, tokkoon tokkoon maqaaniiwwan itti aanan kaan jalattis miiloowwan uraa qaban lama lama ni tolche.
27 Karaa duubaa godoo qulqulluu isa kallattii dhihaatti argamuuf maqaaniiwwan jaʼa ni tolche.+ 28 Godoo qulqulluu sanaaf karaa duubaatiin utubaa golee akka taʼaniif maqaaniiwwan lama ni tolche. 29 Utubaawwan kun jalaa kaasee hamma amartii isa jalqabaa fiixee irra jiruutti dachaa taʼanii kan tolfaman turan. Inni utubaawwan golee lamaan kan tolche akkuma kanaan ture. 30 Kanaafuu, isaan maqaaniiwwan saddeet, akkasumas miiloowwan isaanii warra uraa qabanii fi meetii irraa tolfaman 16 qabu turan; kana jechuun, maqaanii tokko jalatti miiloowwan uraa qaban lamatu jira ture jechuu dha.
31 Achiis inni muka laaftoo irraa danqaraawwan ni tolche; maqaaniiwwan kallattii godoo qulqulluu gara isa tokkoon argamaniif danqaraawwan shan,+ 32 maqaaniiwwan kallattii godoo qulqulluu gara isa kan biraatiin argamaniif danqaraawwan shan, akkasumas maqaaniiwwan kallattii godoo qulqulluu gara isa duubaatiin, jechuunis gara dhihaatiin argamaniif danqaraawwan shan ni tolche. 33 Danqaraa gidduu isa maqaaniiwwan sana walakkaa darbuu fi fiixee isa tokkoo hamma fiixee isa kaanii gaʼus ni tolche. 34 Maqaaniiwwan sana warqiidhaan ni uwwise; amartiiwwan danqaraawwan sun keessa loʼan warqii irraa ni tolche; danqaraawwan sanas warqii ni uwwise.+
35 Achiis foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa golgaa+ tokko ni hojjete. Isa irrattis bifa kiruubelotaa+ ni dhaʼe.+ 36 Achiis golgichaaf utubaawwan muka laaftoo afur tolchee warqiidhaan isaan uwwise; hookkoowwan isaanii warqii irraa ni tolche; meetii baqsees utubaawwan sanaaf miiloowwan uraa qaban afur ni tolche. 37 Sana booda foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame walitti dhaʼuudhaan balbala dunkaanichaatiif golgaa tokko ni hojjete;+ 38 akkasumas utubaawwan isaa shananii fi hookkoowwan isaanii ni hojjete. Gubbaa isaanii fi wal qabsiistuuwwan* isaanii warqiidhaan ni uwwise; miiloowwan isaanii warri uraa qaban garuu sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan.
37 Achiis Bezaaliʼel+ muka laaftoo irraa Taabota+ ni tolche. Taabotichi dheerinni isaa dhundhuma* lamaa fi walakkaa, dalgi isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa, ol dheerinni isaas dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture.+ 2 Innis warqii qulqulluudhaan keessa isaa fi ala isaa ni uwwise; gara oliitiin qarqara isaatti naannessee ittisa* warqii itti tolche.+ 3 Sana booda warqii baqsee amartiiwwan miila isaa arfanii olitti oolan afur isaaf ni tolche; amartii lama gama tokkoon, amartii lama immoo gama kan biraatiin ni godhe. 4 Achiis muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchee warqiidhaan ni uwwise.+ 5 Taaboticha ittiin baachuuf akka taʼuttis, danqaraawwan kana amartiiwwan Taaboticha cinaatti argaman keessa ni loose.+
6 Warqii qulqulluu irraa qadaada ni tolche.+ Qadaadichi dheerinni isaa dhundhuma lamaa fi walakkaa, dalgi isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture.+ 7 Achiis warqii tumame irraa kiruubelota+ lama tolchee fiixee lamaan qadaadichaa irra isaan kaaʼe.+ 8 Kiruubel inni tokko fiixee isa tokkoon, Kiruubel inni kan biraan immoo fiixee isa kan biraatiin jira ture. Inni kiruubelota tolchee fiixee lamaan qadaadichaa irra isaan kaaʼe. 9 Kiruubelonni lamaan kun qoochoowwan isaanii ol diriirsanii qoochoowwan isaaniitiin qadaadicha ni haguugu.+ Isaan walitti garagalanii jiru turan; fuulli isaaniis gara qadaadichaatti garagalee ture.+
10 Achiis muka laaftoo irraa minjaala ni tolche.+ Minjaalichi dheerinni isaa dhundhuma lama, dalgi isaa dhundhuma tokko, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture.+ 11 Innis warqii qulqulluudhaan isa ni uwwise; qarqara isaatti naannessees ittisa* warqii ni tolche. 12 Isatti naannessees xiyyoo balʼinni isaa hamma barruu harkaa* gaʼu ni tolche; xiyyoo sanatti naannessee immoo warqii irraa ittisa* ni tolche. 13 Achiis warqii baqsee amartiiwwan afur isaaf ni tolche; amartiiwwan sanas rogawwan arfan bakka miilli isaa arfan itti qabsiifaman irra ni godhe. 14 Amartiiwwan sun danqaraawwan minjaalichi ittiin baatamu akka keessa loofamaniif, gara xiyyoo minjaalichaatti siqfamanii kan tolfaman turan. 15 Achiis minjaalicha ittiin baachuuf muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchee warqiidhaan ni uwwise. 16 Sana booda warqii qulqulluu irraa miʼawwan minjaalicha irra kaaʼaman, jechuunis saaniiwwan, xoofoowwan, akkasumas saaniiwwan golboo fi okkoteewwan warra aarsaawwan dhugaatii keessaa dhangalaafaman ni tolche.+
17 Achiis warqii qulqulluu irraa baattuu ibsaa+ ni tolche. Baattuu ibsaa kana warqii tumame irraa tolche. Jalli isaa, jirmi isaa, hammattuuwwan abaaboo isaa, dhukawwan isaa fi daraaraawwan isaa tokko taʼanii kan tolfaman turan.+ 18 Baattuun ibsaa sun gama tokkoon dameewwan sadii, gama kaaniinis dameewwan sadii, walumaa galatti jirma isaa irratti dameewwan jaʼa qaba ture. 19 Damee tokko irratti, hammattuuwwan abaaboo abaaboo almoondii fakkaatan sadii dhukawwanii fi daraaraawwanii wajjin duraa duubaan jiru turan; damee isa kan biraa irrattis, hammattuuwwan abaaboo abaaboo almoondii fakkaatan sadii dhukawwanii fi daraaraawwanii wajjin duraa duubaan jiru turan. Dameewwan jaʼanuu akka kanaan jirma baattuu ibsaa sana irratti tolfamanii turan. 20 Hammattuuwwan abaaboo abaaboo almoondii fakkaatan afur dhukawwanii fi daraaraawwanii wajjin duraa duubaan jirma baattuu ibsaa irra jiru turan. 21 Dameewwan jalqabaa warra jirmicha irratti garanaa fi garasiin tolfaman lamaan jalatti dhukni tokko, dameewwan itti aanan lamaan jalatti dhukni tokko, dameewwan itti aanan lamaan jalattis dhukni tokko jira ture; dameewwan jaʼan jirma baattuu ibsaa sanaa irra jiraniif akkanuma ni godhame. 22 Dhukawwan, dameewwanii fi guutummaan baattuu ibsaa kun warqii qulqulluu tumame irraa tokko taʼanii kan tolfaman turan. 23 Achiis ibsaawwan isaa torban,+ qabduuwwan isaa fi qodaawwan ibiddaa isaa warqii qulqulluu irraa ni tolche. 24 Innis baattuu ibsaa sanaa fi miʼawwan isaa hundumaa warqii qulqulluu taalaantii* tokko irraa tolche.
25 Itti aansuudhaan muka laaftoo irraa iddoo aarsaa ixaanaa+ tokko ni tolche. Iddoon aarsaa sun dheerinni isaa dhundhuma tokko, dalgi isaa dhundhuma tokko, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma lama taʼee rogni isaa arfan wal qixa ture. Gaanfonni isaa isaa wajjin tokko taʼanii kan tolfaman turan.+ 26 Gubbaa isaa, cinaa isaa hundumaa fi gaanfota isaa warqii qulqulluudhaan ni uwwise; qarqara isaatti naannessees ittisa* warqii ni tolche. 27 Danqaraawwan isa baachuuf oolan achi keessa akka loofamaniif, ittisa* isaatii gaditti garanaan amartiiwwan warqii lama, garasiinis amartiiwwan warqii lama ni tolche. 28 Sana booda muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchee warqiidhaan ni uwwise. 29 Kana malees zayitii dibataa qulqulluu+ fi ixaana qulqulluu urgaaʼu+ kan ogummaadhaan walitti makame ni qopheesse.
38 Inni muka laaftoo irraa iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu ni ijaare. Iddoon aarsaa sun dheerinni isaa dhundhuma* shan, dalgi isaa dhundhuma shan, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma sadii taʼee rogni isaa arfan wal qixa ture.+ 2 Achiis golee isaa arfan irratti gaanfota ni tolche. Gaanfonni isaas iddoo aarsaa sanaa wajjin qaama tokko turan. Iddoo aarsaa sanas sibiila diimaadhaan ni uwwise.+ 3 Sana booda miʼawwan iddoo aarsaa hundumaa, jechuunis baaldiiwwan, akaafaawwan, saaniiwwan golboo, shukkaawwanii fi qodaawwan ibiddaa ni tolche. Miʼawwan isaa hundumaas sibiila diimaa irraa ni tolche. 4 Iddoo aarsaa sanaaf sibiila diimaa irraa waan akka gingilchaa ni tolche; isas xiyyoo isaatii gaditti walakkaa iddoo aarsaa sanaa keessa ni kaaʼe. 5 Danqaraawwan sun akka keessa loofamaniif, waan akka gingilchaa sana biratti rogawwan arfan irratti amartiiwwan afur sibiila diimaa irraa ni tolche. 6 Sana booda muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchee, sibiila diimaadhaan isaan uwwise. 7 Ittiin isa baachuufis danqaraawwan sana amartiiwwan cinaa iddoo aarsaa irra jiran keessa ni loose. Iddoo aarsaa sana saanqaawwan irraa akka saanduqa banaatti ni tolche.
8 Achiis sibiila diimaa irraa miʼa bishaanii+ fi wanta inni irra taaʼu ni tolche; kana tolchuufis daawwitiiwwan* dubartoota warra karra dunkaana walgaʼii irratti tajaajiluuf gurmaaʼan sanaatti fayyadame.
9 Achiis mooraa ni ijaare.+ Kallattii kibbaa mooraa sanaa isa gara kibbaatti garagaleef, quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa golgaa dhundhuma 100 dheeratu ni tolche.+ 10 Utubaawwan sibiila diimaa irraa tolfaman 20nii fi miiloowwan uraa qaban warri sibiila diimaa irraa tolfaman 20ni jiru turan; hookkoowwan utubaawwan sanaa fi wal qabsiistuuwwan* isaanii meetii irraa kan tolfaman turan. 11 Gara kaabaatiifis golgaan dhundhuma 100 dheeratu jira ture. Utubaawwan isaa 20nii fi miiloowwan isaanii warri uraa qaban 20ni sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan. Hookkoowwan utubaawwan sanaa fi wal qabsiistuuwwan* isaanii meetii irraa kan tolfaman turan. 12 Golgaan gara dhihaa garuu dhundhuma 50 dheerata ture. Utubaawwan kudhanii fi miiloowwan uraa qaban kudhan jiru turan; hookkoowwan utubaawwan sanaa fi wal qabsiistuuwwan* isaanii meetii irraa kan tolfaman turan. 13 Mooraan sun kallattii bahaatiin, jechuunis gara aduun baatuun dalgi isaa dhundhuma 50 ture. 14 Gama tokkoon golgaan dhundhuma 15 taʼu, akkasumas utubaawwan sadii fi miiloowwan uraa qaban sadii jiru turan. 15 Balbala mooraa sanaa irraa gama isa kan biraatiinis golgaan dhundhuma 15 taʼu, akkasumas utubaawwan sadii fi miiloowwan uraa qaban sadii jiru turan. 16 Golgaan moorichatti marsee jiru hundi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa kan tolfame ture. 17 Miiloowwan utubaawwan sanaa warri uraa qaban sibiila diimaa irraa, hookkoowwan utubaawwan sanaa fi wal qabsiistuuwwan* isaanii immoo meetii irraa kan tolfaman turan; utubaawwan sun gubbaan isaanii meetiidhaan kan uwwifame ture; utubaawwan mooraa sanaa hundi wal qabsiistuuwwan meetii irraa tolfaman qabu turan.+
18 Golgaan balbala mooraa sanaa foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa walitti kan dhaʼame ture. Golgaan kun dheerinni isaa dhundhuma 20, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma 5 yeroo taʼu, ol dheerinni isaa ol dheerina golgaa mooraa sanaa wajjin wal qixa dha.+ 19 Utubaawwan isaa arfanii fi miiloowwan isaanii warri uraa qaban arfan sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan. Hookkoowwan isaanii fi wal qabsiistuuwwan* isaanii meetii irraa kan tolfaman yeroo taʼu, gubbaan isaanii immoo meetiidhaan kan uwwifame ture. 20 Qofoowwan dunkaanaa godoo qulqulluu sanaa, akkasumas qofoowwan mooraa sanatti marsanii jiran hundi sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan.+
21 Museen miʼawwan godoo qulqulluu, jechuunis miʼawwan godoo qulqulluu Dhugaa Baatuu+ sanaa akka galmeeffaman ni ajaje; Leewwonnis+ qajeelfama Itaamaar+ ilma Aaron lubichaa jala taʼanii itti gaafatamummaa kana ni raawwatan. 22 Bezaaliʼel+ inni ilma Uurii, ilma ilma Huur inni gosa Yihudaa taʼe sun wanta Yihowaan Musee ajaje hundumaa ni raawwate. 23 Isaa wajjinis Oholiyaab+ ilmi Ahisaamaak inni gosa Daan taʼe jira ture; inni hojii ogummaa harkaa kan qabu, xilfii kan dhaʼu, akkasumas foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi foʼaa quncee talbaa baʼeessatti fayyadamee wayyaa kan dhaʼu ture.
24 Warqiin hojii iddoo qulqulluu hundumaatiif oole hundi warqii kennaa sochoofamuuf+ dhihaatee wajjin qixxee yeroo taʼu, innis akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti taalaantii* 29 fi sheeqilii* 730 ture. 25 Meetiin yaaʼii sana keessaa warri galmeeffaman kennan, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti taalaantii 100 fi sheeqilii 1,775 ture. 26 Namni umuriin isaa waggaa 20 fi isaa ol taʼee galmeeffame hundi akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti sheeqilii walakkaa ni fide;+ namoonni kunis 603,550 turan.+
27 Wantoonni miiloowwan uraa qabanii fi iddoo qulqulluu sanaaf oolan, akkasumas miiloowwan uraa qabanii fi golgaa sanaaf oolan ittiin tolchuuf baqfaman taalaantii 100 turan; miiloowwan uraa qaban 100 taalaantii 100 wajjin qixxee yeroo taʼan, tokkoon tokkoon miiloo uraa qabu sanaa taalaantii tokko ture.+ 28 Innis sheeqilii 1,775 sana irraa, utubaawwan sanaaf hookkoowwan ni tolche; akkasumas gubbaa isaanii uwwisee walitti isaan qabsiise.
29 Sibiilli diimaan kennaa* taʼee dhihaate taalaantii 70 fi sheeqilii 2,400 ture. 30 Innis wantoota kanatti fayyadamee miiloowwan uraa qaban warra balbala dunkaana walgaʼii sanaaf oolan, iddoo aarsaa sibiila diimaa irraa tolfame sana, waan akka gingilchaa sibiila diimaa irraa tolfame sanaa fi miʼawwan iddoo aarsaa hundumaa ni tolche; 31 akkasumas, miiloowwan uraa qaban warra mooraa sanatti marsanii jiran, miiloowwan uraa qaban warra balbala mooraa sanaatiif oolan, qofoowwan dunkaanaa godoo qulqulluu sanaa hundumaa fi qofoowwan dunkaanaa+ mooraa sanatti marsanii jiran hundumaa ni tolche.
39 Isaanis foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee fi foʼaa diimaa+ irraa uffatawwan baʼeessa taʼanii dhaʼamanii fi iddoo qulqulluu keessatti tajaajiluuf uffataman ni tolchan. Akkuma Yihowaan Musee ajajettis, Aaroniif uffatawwan qulqulluu ni tolchan.+
2 Inni efuudicha+ warqii, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa ni tolche. 3 Isaan warqii battee tumanii ni haphisan; innis foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa sanaa wajjin walitti isaan dhaʼuuf akka foʼaatti qaqalʼisee isaan babbaqaqse; efuudichis warqii sanaan xilfiin kan irratti dhaʼame ture. 4 Isaan efuudii sanaaf kutaa gateettii irra ooluu fi fiixee isaa lamaan irratti walitti qabsiifame ni tolchan. 5 Akkuma Yihowaan Musee ajajettis, sabbanni dhaʼame inni efuudiin sun iddoo isaatii akka hin sochoone gochuuf itti qabsiifamu+ wantootuma wal fakkaatan, jechuunis warqii, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa kan tolfame ture.
6 Isaan dhagoota oniiksii sana baattuuwwan warqii irraa tolfaman keessa ni kaaʼan; achiis akkuma chaappaa bocanitti maqaa ilmaan Israaʼel isaan irratti ni bocan.+ 7 Innis akkuma Yihowaan Musee ajajetti, ilmaan Israaʼeliif dhagoota yaadannoo akka taʼaniif+ kutaa efuudichaa isa gateettii irra oolu irra isaan kaaʼe. 8 Achiis inni kiisii qomaa+ sana ni tolche. Kiisiin qomaa sun akkuma efuudichaa nama xilfii dhaʼuun warqii, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa kan tolfame ture.+ 9 Yommuu dachaafamus rogni isaa arfan wal qixa ture. Isaan kiisii qomaa yommuu dachaafamu dheerinni isaas taʼe dalgi isaa taakkuu* tokko taʼu ni tolchan. 10 Innis achi irratti tarree afuriin dhagoota ni maxxanse. Tarreen inni jalqabaa ruubii, tophaaziyonii fi imeraaldi ture. 11 Tarreen inni lammaffaan tarkooyis, safiroosii fi yaasphis ture. 12 Tarreen inni sadaffaan lesheem, ageetii fi ametiisxos ture. 13 Tarreen inni arfaffaan immoo kirisoliixos, oniiksii fi jeed ture. Isaan baattuuwwan warqii irraa tolfaman irra kaaʼamanii turan. 14 Dhagoonni kun maqaa ilmaan Israaʼel 12n kan bakka buʼan turan; maqaawwan isaanii akkuma chaaphaatti kan bocaman yeroo taʼu, maqaan tokko gosoota 12n keessaa isa tokko kan bakka buʼu ture.
15 Achiis kiisii qomaatti marsanii funcaa funyoo warqii qulqulluu irraa foʼame fakkaatu ni tolchan.+ 16 Baattuuwwan warqii irraa tolfaman lamaa fi amartiiwwan warqii lama tolchanii, amartiiwwan lamaan sana fiixee kiisii qomaa lamaanitti qabsiisan. 17 Sana booda funyoowwan warqii irraa tolfaman lamaan sana amartiiwwan lamaan warra fiixee kiisii qomaa irra jiran keessa galchan. 18 Fiixeewwan lamaan funyoowwan lamaan sanaa baattuuwwan lamaan keessa galchanii, karaa fuulduraatiin kutaa efuudichaa isa gateettii irra oolu irratti qabsiisan. 19 Achiis amartiiwwan warqii lama tolchanii gara efuudichaatti gargalchanii, qarqara kiisii qomaa lamaan warra gara gadii irratti ni qabsiisan.+ 20 Achiis efuudicha fuulduraan kutaa efuudichaa isa gateettii irra oolu lamaanii gaditti, bakka efuudichii fi sabbanni itti wal qabatu biratti, sabbata efuudii isa dhaʼamee olitti amartiiwwan warqii dabalataa lama ni tolchan. 21 Dhuma irrattis akkuma Yihowaan Musee ajajetti, kiisiin qomaa sun sabbata dhaʼamee olitti efuudichatti maxxanee iddoo isaatii akka hin sochooneef, amartiiwwan isaa amartiiwwan efuudichaatti funyoo bifa cuquliisaatiin ni hidhan.
22 Achiis qoloo efuudicha jalatti uffatamuu fi namni wayyaa dhaʼu qopheesse guutummaatti foʼaa bifa cuquliisaa irraa ni tolche.+ 23 Qoloon sun akkuma baqaqaa kootii sibiilaatti gidduu isaatti baqaqaa qaba ture. Akka hin tarsaaneefis baqaqaan sun qarqarri isaa goodamee ture. 24 Achiis isaan foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee fi foʼaa diimaa walitti dhaʼame irraa qarqara qoloo sanaatti naannessanii romaanota tolchan. 25 Achiis bilbilawwan warqii tolchanii qarqara qoloo sanaatti naannessanii romaanota sana gidduu isaan kaaʼan; 26 akkuma Yihowaan Musee ajajettis, qarqara qoloo isa tajaajilaaf oolu sanaatti naannessanii bilbala tokko achiis romaanii tokko gochaa wal keessa tolchan.
27 Sana booda isaan Aaronii fi ilmaan isaatiif foʼaa quncee talbaa baʼeessa namni wayyaa dhaʼu qopheesse irraa uffata dheeraa ni tolchan;+ 28 marata mataa+ foʼaa quncee talbaa baʼeessa taʼe irraa tolfame, marata mataa faayawwaniin miidhagfamee+ fi foʼaa quncee talbaa baʼeessa taʼe irraa tolfame, qumxaawwan* foʼaa quncee talbaa+ baʼeessa taʼee foʼame irraa tolfaman, 29 akkasumas, sabbata foʼaa quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee fi foʼaa diimaa walitti dhaʼame irraa tolfame ni tolchan; kanas akkuma Yihowaan Musee ajajetti ni raawwatan.
30 Dhuma irrattis warqii qulqulluu irraa wanta diriiraa calaqqisu, jechuunis mallattoo qulqulluu kan murteeffaman taʼuu argisiisu* tolchanii akkuma namni tokko chaappaa bocutti, “Qulqullummaan kan Yihowaa ti” jedhanii irratti bocan.+ 31 Akkuma Yihowaan Musee ajajettis, marata mataa sana irra akka taaʼuuf funyoo bifa cuquliisaa isatti ni hidhan.
32 Kanaafuu, hojiin godoo qulqulluu, jechuunis hojiin dunkaana walgaʼii hundi ni xumurame; Israaʼelonnis wanta Yihowaan Musee ajaje hundumaa ni raawwatan.+ Isaan akkanuma ni godhan.
33 Achiis isaan godoo qulqulluu+ sana, jechuunis dunkaanichaa+ fi miʼawwan isaa hundumaa gara Museetti fidan; wantoonni isaan fidan kanneen kana turan: wal qabsiistuuwwan+ isaa, maqaaniiwwan+ isaa, danqaraawwan+ isaa, utubaawwan isaa, miiloowwan isaa warra uraa qaban,+ 34 wanta irraan uwwifamuu fi gogaa korbeessa hoolaa halluu diimaa cuuphame irraa+ tolfame, wanta irraan uwwifamuu fi gogaa tahaash irraa tolfame, golgaa+ taaboticha duratti fannifamu, 35 taabota Dhugaa Baatuu fi danqaraawwan+ isaa, qadaadicha,+ 36 minjaalicha, miʼawwan isaa hundumaa+ fi daabboo ilaalchaa, 37 baattuu ibsaa warqii qulqulluu irraa tolfame, ibsaawwan+ isaa warra tarree galanii kaaʼamanii fi miʼawwan+ isaa hundumaa, zayitii ibsaa,+ 38 iddoo aarsaa+ warqii irraa tolfame, zayitii dibataa,+ ixaana urgaaʼu,+ golgaa+ balbala dunkaanaa, 39 iddoo aarsaa sibiila diimaa+ irraa tolfame, waan akka gingilchaa sibiila diimaa irraa tolfame, danqaraawwan isaa,+ miʼawwan isaa hundumaa,+ miʼa bishaanii fi wanta inni irra taaʼu,+ 40 golgaawwan mooraa, utubaawwan isaa fi miiloowwan isaa warra uraa qaban,+ golgaa+ balbala mooraa, funyoowwan dunkaanaa, qofoowwan dunkaanaa,+ miʼawwan tajaajila godoo qulqulluutiif, jechuunis dunkaana walgaʼichaatiif oolan, 41 uffatawwan baʼeessa taʼanii dhaʼamanii fi iddoo qulqulluu keessatti tajaajiluuf uffataman, uffatawwan qulqulluu Aaron lubichi uffatu,+ akkasumas uffatawwan ilmaan isaa luboota taʼanii tajaajiluuf uffatan.
42 Israaʼelonni hojii kana hundumaa kan hojjetan akkuma Yihowaan Musee ajajetti ture.+ 43 Museen hojii isaanii hundumaa yommuu qoru, isaan akkuma Yihowaan ajajetti hojjechuu isaanii arge; achiis Museen isaan eebbise.
40 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Jiʼa jalqabaa keessaa guyyaa isa jalqabaatti godoo qulqulluu, jechuunis dunkaana walgaʼii ni dhaabda.+ 3 Taabota Dhugaa Baatuu achi keessa kaaʼi;+ Taaboticha golgaadhaan dhoksi.+ 4 Minjaalicha+ achi keessa galchiitii miʼawwan isaa achi irra kaaʼi; baattuu ibsaa+ sanas achi keessa galchiitii ibsaawwan isaa qabsiisi.+ 5 Achiis iddoo aarsaa ixaanaa+ isa warqii irraa tolfame sana taabota Dhugaa Baatuu sana fuuldura kaaʼi; golgaa balbala godoo qulqulluus iddoo isaatti fannisi.+
6 “Iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu+ sana balbala godoo qulqulluu, jechuunis dunkaana walgaʼii fuuldura ni keessa; 7 miʼa bishaanii sanas dunkaana walgaʼii fi iddoo aarsaa sana gidduu kaaʼiitii bishaan itti naqi.+ 8 Achiis naannoo isaatti mooraa ijaariitii+ balbala mooraa sanaa irratti golgaa+ fannisi. 9 Achiis zayitii dibataa+ fudhadhuutii godoo qulqulluu sanaa fi wanta achi keessa jiru hundumaa dibi;+ qulqulluu akka taʼuufis, godoo sanaa fi miʼawwan isaa hundumaa qulqulleessi. 10 Iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu sanaa fi miʼawwan isaa hundumaa dibi; iddoo aarsaa sana qulqulleessi. Innis iddoo aarsaa hundumaa caalaa qulqulluu taʼe ni taʼa.+ 11 Miʼa bishaanichaa fi wanta inni irra taaʼu dibi; isas qulqulleessi.
12 “Achiis Aaronii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana walgaʼichaatti fidiitii bishaaniin isaan dhiqi.+ 13 Uffatawwan qulqulluu sana Aaronitti uwwisi;+ isa dibi;+ akkasumas isa qulqulleessi; innis anaaf luba taʼee ni tajaajila. 14 Sana booda ilmaan isaa dhiheessiitii uffatawwan dhedheeroo sana isaanitti uwwisi.+ 15 Isaan anaaf luboota taʼanii akka tajaajilaniif, akkuma abbaa isaanii dibde isaaniinis dibi;+ dibamuun isaaniis guutummaa dhaloota isaanii keessatti lubummaan akka itti fufu godha.”+
16 Museenis wanta Yihowaan isa ajaje hundumaa ni godhe.+ Inni akkanuma ni godhe.
17 Waggaa lammaffaatti, waggicha keessaa jiʼa isa jalqabaatti, jiʼicha keessaas guyyaa isa jalqabaatti godoon qulqulluun sun ni dhaabame.+ 18 Museen godoo qulqulluu sana yommuu dhaabetti, miiloowwan isaa warra uraa qaban+ lafa ni kaaʼe; maqaaniiwwan+ isaa ni dhaabe; danqaraawwan+ isaa keessa ni loose; akkasumas utubaawwan isaa ni dhaabe. 19 Inni akkuma Yihowaan Musee ajajetti, dunkaanicha godoo qulqulluu sana irra ni diriirse;+ wanta irraan uwwifamus dunkaanicha irraan ni uwwise.+
20 Achiis Dhugaa Baatuu+ sana fuudhee Taaboticha+ keessa kaaʼe; danqaraawwan+ sanas Taaboticha keessa loose; qadaadichas+ Taaboticha irra kaaʼe.+ 21 Akkuma Yihowaan Musee ajajetti Taaboticha godoo qulqulluu sanatti ni galche; golgaa+ isaa sanas iddoo isaatti fannisee taabota Dhugaa Baatuu sana golgichaan ni dhokse.+
22 Achiis minjaalicha+ dunkaana walgaʼii keessa golgaa sanaa alatti kallattii kaabaa godoo qulqulluu sanaatiin ni kaaʼe; 23 daabboo sanas wal irra tuulee minjaalicha irra+ Yihowaa dura kaaʼe; kanas akkuma Yihowaan Musee ajajetti ni raawwate.
24 Baattuu ibsaa+ sanas dunkaana walgaʼii keessa, minjaalicha fuuldura kallattii kibbaa godoo qulqulluu sanaatiin ni kaaʼe. 25 Achiis akkuma Yihowaan Musee ajajetti Yihowaa duratti ibsaawwan sana ni qabsiise.+
26 Achiis iddoo aarsaa warqii irraa tolfame+ sana dunkaana walgaʼii keessa golgaa sana fuuldura ni kaaʼe; 27 kanas kan godhe akkuma Yihowaan Musee ajajetti ixaana urgaaʼu+ isa irratti aarsuuf+ ture.
28 Achiis golgaa+ balbala godoo qulqulluu sanaa iddoo isaatti fannise.
29 Innis akkuma Yihowaan Musee ajajetti, aarsaa gubamuu+ fi aarsaa midhaanii isa irratti dhiheessuuf, iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu+ sana balbala godoo qulqulluu, jechuunis balbala dunkaana walgaʼii dura kaaʼe.
30 Achiis miʼa bishaanii sana dunkaana walgaʼii fi iddoo aarsaa sana gidduu kaaʼee bishaan dhiqannaadhaaf taʼu itti naqe.+ 31 Museen, Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii fi miila isaanii ittiin ni dhiqatan. 32 Isaan akkuma Yihowaan Musee ajajetti, yeroo dunkaana walgaʼichaatti seenanis taʼe, yeroo iddoo aarsaa sanatti dhihaatan hundumaatti ni dhiqatu turan.+
33 Dhuma irrattis, godoo qulqulluu sanaa fi iddoo aarsaa sanatti naannessee mooraa ijaare;+ golgaa balbala mooraa sanaa ni fannise.+
Akka kanaan, Museen hojicha ni xumure. 34 Duumessi sun dunkaana walgaʼii ni uwwise; ulfinni Yihowaas godoo qulqulluu sana ni guute.+ 35 Duumessi sun dunkaana walgaʼii irra waan tureef, akkasumas ulfinni Yihowaa godoo qulqulluu sana guutee waan tureef, Museen achi keessa seenuu hin dandeenye.+
36 Israaʼelonnis yeroo lafa onaa keessa deemaa turan hundumaatti yeroo duumessi sun godoo qulqulluu sana irraa kaʼu dunkaana isaanii achii ni buqqisu turan.+ 37 Duumessi sun yoo kaʼuu baate garuu, hamma inni kaʼutti dunkaana isaanii hin buqqisan turan.+ 38 Sababiin isaas, guutummaan mana Israaʼel yeroo lafa onaa keessa deemaa turan hundumaatti, guyyaa duumessi Yihowaa, halkan immoo ibiddi godoo qulqulluu sana irra akka buufatu ni argu turan.+
Ykn., “Lubbuuwwan.”
Kal., “gudeeda Yaaqoob keessaa baʼan.”
Ykn., “lubbuu.”
Kal., “Ilmaan Israaʼel.”
Ykn., “bidiruu; saanduqa.”
Ykn., “reenjii.”
“Kan Baafame” jechuu yeroo taʼu, bishaan keessaa kan oole taʼuu isaa argisiisa.
Ykn., “cimaa.”
Jechuunis, gongaa.
Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.
Ykn., “irraa ni dhowwe.”
Jechuunis, Yetroo.
“Nama Biyya Ormaa Achi Jiraatu” jechuu dha.
Kal., “Guyyoota hedduu.”
Jechuunis, soddaa.
Jechuunis, muka akka hiddaa taʼee fi qoree qabu.
Ykn., “ni waaqeffattu.”
Ykn., “Barbaadu.”
Ykn., “Wantan Taʼu Nan Taʼa.” Kutaa Dabalataa A4 ilaali.
Kal., “afaan isaa ulfaatuu.”
Kal., “ani afaan kee wajjin nan taʼa.”
Ykn., “bakka buʼaa Waaqaa.”
Ykn., “lubbuu kee.”
Jechuunis, baalcii.
Gogaa fiixee qaama hormaataa dhiiraa irra jiru argisiisa.
Ykn., “baʼaa”
Ykn., “dhibaawoo waan taʼaniif.”
Kun agadaa qamadiin ykn garbuun erga haamamee booda maasii keessatti hafu kan argisiisu dha.
Jechuunis, ni dhaanaman.
Ykn., “akka waan xiraaʼaatti akka nu ilaalan.”
Ykn., “humna qabeessaa.”
Kal., “harka koo ol kaasetti.”
Kal., “akka raayyaawwan waraanaa isaaniitti.”
Kal., “Waaqa.”
Kal., “raayyaa waraanaa koo, saba koo.”
Ykn., “ogummaa falfalaa.”
Jechuunis, boʼoowwan Laga Abbayyaatii baʼan.
Ykn., “saanii bukoo.”
Gosa tisiisaa horii ciniinu dha.
Jechuunis, warri Gibxii.
Tarii bakakkaa cimaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “aajjaan.”
Kal., “kiyyoo nutti taʼa.”
Musee taʼuu hin oolu.
Ykn., “akka argannu nuuf heyyama.”
Kal., “kottee.”
Ykn., “lubbuu.”
Kal., “galgaloota lamaan gidduutti.”
Kal., “mudhiin keessan hidhamee.”
Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “ni ajjeefama.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “ni ajjeefama.”
Jechuunis, hoolaa ykn reʼee xobbaallaa.
Kal., “badiisni.”
Kal., “mana boolla bishaaniitti.”
Ykn., “saanii bukoo.”
Jechuunis, tuuta makaa warra Gibxii dabalatee namoota Israaʼelota hin taane qabate.
Kal., “raayyaa.”
Kal., “ilmaan Israaʼel raayyaa isaanii wajjin.”
Kal., “angafa tokkoon tokkoon gadameessaa saaqu.”
Ykn., “adda baasi.”
Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Kal., “daangaawwan.”
Kal., “ija kee lamaan gidduu.”
Kal., “isa gadameessa saaqu.”
Kal., “isa gadameessa saaqu.”
Kal., “ija kee lamaan gidduu.”
Kal., “harka ol qabameen.”
Jechuunis, halkan keessaa saʼaatii 8 kaasee hanga ganama saʼaatii 12tti.
Kal., “harka.”
Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “Hamma lubbuun koo quuftutti.”
Kal., “ni ciniinsifatu.”
Kal., “sheekonni.” Namni dura buʼaa gosaa taʼe “sheekii” jedhamee waamama ture.
Ykn., “Abbootiin irree Moʼaab.”
“Hadhaaʼaa” jechuu dha.
Kal., “Galgaloota lamaan gidduutti.”
Ykn., “aburdaallaan.” Simbira xinnoo furdoo taatee fi 18 cm dheerattu. Foon ishii kan nyaatamu.
Ykn., “lubbuuwwan.”
Gara 2.2 L taʼu. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “ayyaana sanbataa.”
Ykn., “ni boqote.”
Tarii yaada Afaan Ibrootaa, “Kun maali dha?” jedhu irraa kan argame taʼuu dandaʼa.
Ykn., “Okkotee.”
Eefaan tokko 22 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
“Qorumsa” jechuu dha.
“Wal Loluu” jechuu dha.
“Yihowaan Faajjii Koo Ti” jechuu dha.
“Nama Biyya Ormaa Achi Jiraatu” jechuu dha.
“Waaqni Koo Gargaaraa Dha” jechuu dha.
Kal., “harka Gibxii.”
Kal., “Yeroo hundumaa.”
Jechuunis, goflaa.
Ykn., “qabeenya iddoo guddaa qabu.”
Tarii xiyyaan waraanuu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “fiinoo.” Kal., “gaanfa korbeessa hoolaa.”
Kal., “Dubartiitti hin dhihaatinaa.”
Jechuunis, midijjaa.
Ykn., “Anaan diduudhaan.” Kal., “Fuula koo duratti.”
Kal., “karrawwan.”
Ykn., “aarsaawwan nagaa.”
Ykn., “bocamaniin.”
Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.
Kal., “akka furamtu.”
Ykn tarii, “meeshaadhaan.”
Kal., “ijoolleen ishii yoo gad baʼan.”
Ykn., “miidhaa cimaan irra gaʼe.”
Ykn., “Gumaa.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Jechuunis, muka akka hiddaa taʼee fi qoree qabu.
Jechuunis, nadoon ykn ladoon.
Ykn., “warri jalaa duʼan.”
Ykn., “rakkataa.”
Kal., “gogaa.”
Ykn., “arjaa.”
Ykn., “bulchaa.”
Jechuunis, cuunfaa zayitii fi cuunfaa wayinii.
Kal., “hin kaasin.”
Ykn., “ragaa namoota hedduu biratti fudhatama qabu deggeruuf.”
Kal., “Dubbii.”
Ykn., “isa hamaa bilisa waanan hin baasneef.”
Ykn., “jireenya (lubbuu) nama biyya ormaa.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Ayyaana Torbeewwanii ykn Phenxeqosxee jedhamees ni waamama.
Ayyaana Daasii (Godoo Qulqulluu) jedhamees ni waamama.
Ykn., “maseena.”
Ykn., “lakkoofsa guyyoota keetii guutuu nan godha.”
Ykn., “dugda isaanii akka sitti garagalchan.”
Ykn tarii, “jeequmsa; sodaa.”
Jechuunis, Efraaxis.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “suufii halluu dhiilgee diimaa cuuphame.”
Jechi Afaan Ibrootaa tahaash jedhu tarii bineensa bishaan keessa jiraatuu fi Ingiliffaan siil jedhamu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Bineensi kun guddinni isaa hamma doolfiinii gaʼa.
Zayitiin kun zayitii nama tokko aangoo guddaadhaaf muuduuf oolu dha.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “saanduqa.”
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “boca.”
Ykn., “boca.”
Gara 7.4 cm. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “boca.”
Ykn., “daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu.”
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Maqaaniin as irratti ibsame, saanqaawwan roga afuriin walitti maxxanfamanii tolfaman argisiisa.
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “Daaraa isaa isa coome,” jechuunis, daaraa cooma aarsaatiin jiidhe.
Ykn., “amartiiwwan; qubeellaawwan; hiituuwwan” wal qabsiisuuf oolan.
Ykn., “amartiiwwan; qubeellaawwan; hiituuwwan” wal qabsiisuuf oolan.
Kal., “garaa ogeessa.”
Gara 22.2 cm. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Mataadhaaf.”
Gooduun qarqara uffataa dachaasanii hodhuu argisiisa.
Qamisii dheeraa harka hin qabnee fi dhiironni uffatan.
Kal., “harka isaanii guuti.”
Ykn., “uffata jalatti uffatamu.”
Ykn., “gonfoo qulqulluu.”
Zayitiin kun zayitii nama tokko aangoo guddaadhaaf muuduuf oolu dha.
Kal., “harka Aaronii fi harka ilmaan isaa ni guutta.”
Jechuunis, faltii marʼimaan horii keessa jiru.
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Kal., “harki isaanii akka guutuu.”
Kal., “ormi,” jechuunis, namni maatii Aaron keessaa hin taane.
Kal., “Harka isaanii guutuuf.”
Kal., “galgaloota lamaan gidduutti.”
Eefaan tokko 22 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Hiiniin tokko 3.67 L dha.Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “galgaloota lamaan gidduu.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “boca.”
Ykn., “Boca.”
Kal., “galgaloota lamaan gidduutti.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “akka sheeqilii qulqulluu.”
Kun meetii sheeqilii walakkaa kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Geeraan tokko 0.57 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Muka qarafaa ykn wanta isa irraa argamu.
Hiiniin tokko 3.67 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “akka sheeqilii qulqulluu.”
Kal., “ormi,” jechuunis, namni maatii Aaron keessaa hin taane.
Ykn., “ajjeefamuu.”
Urgooftuun kun maal akka taʼe sirriitti hin beekamu. Muka urgaa qabu ykn qurxummii nyaatamuu fi qola cimaa qabu irraa kan argamu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “ajjeefamuu.”
Kal., “maqaadhaan waameera.”
Kal., “garaa ogeessa.”
Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “ajjeefamuu.”
Ykn., “siidaa jabbii baqfamee tolfame.”
Ykn., “siidaa jabbii baqfamee tolfame.”
Kal., “boqu jabeessa.”
Ykn., “gootettis gaabbi.”
Ykn., “ni gaabbe.”
Kal., “harka keessan guutaa.”
Kal., “boqu jabeessa.”
Kal., “boqu jabeessa.”
Kal., “of irraa baasanii turan.”
Ykn., “Ani si filadheera.”
Kal., “Fuulli koo.”
Kal., “Fuulli kee.”
Ykn., “arjaa.”
Ykn., “amanamummaan.”
Kal., “boqu jabeessa.”
Ykn., “uumamanii.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “morkattoota isaatiif kan hin obsine.”
Ykn., “Yihowaan, maqaan isaa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan kan barbaadu.”
Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Kal., “Kan gadameessa saaqu hundi.”
Ykn., “sanbata ni kabajja.”
Ayyaana Daasii (Godoo Qulqulluu) jedhamees ni waamama.
Kun Yihowaa kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Kal., “Jechoota Kurnan.”
Kal., “isaa.”
Kal., “garaa ogeessa.”
Ykn., “warqii isa aarsaawwan sochoofamaniif taʼu.”
Kal., “garaa ogeessa.”
Kal., “garaa ogeessa.”
Bezaaliʼeliin kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “amartiiwwan; qubeellaawwan; hiituuwwan” wal qabsiisuuf oolan.
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “boca.”
Ykn., “boca.”
Gara 7.4 cm. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “boca.”
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “boca.”
Ykn., “boca.”
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Daawitiiwwan sibiilaa baayʼee rigamanii cululuqfaman argisiisa.
Ykn., “amartiiwwan; qubeellaawwan; hiituuwwan” wal qabsiisuuf oolan.
Ykn., “amartiiwwan; qubeellaawwan; hiituuwwan” wal qabsiisuuf oolan.
Ykn., “amartiiwwan; qubeellaawwan; hiituuwwan” wal qabsiisuuf oolan.
Ykn., “amartiiwwan; qubeellaawwan; hiituuwwan” wal qabsiisuuf oolan.
Ykn., “amartiiwwan; qubeellaawwan; hiituuwwan” wal qabsiisuuf oolan.
Ykn., “akka sheeqilii qulqulluu.”
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “akka sheeqilii qulqulluu.”
Ykn., “akka sheeqilii qulqulluu.”
Ykn., “aarsaa sochoofamu.”
Gara 22.2 cm. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “uffata jalatti uffatamu.”
Ykn., “gonfoo qulqulluu.”