LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt Ermiyaas 1:1-52:34
  • Ermiyaas

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ermiyaas
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Ermiyaas

ERMIYAAS

1 Dubbiin Ermiyaas* ilma Hilqiyaa isa luboota magaalaa Anaatot+ ishii biyya Biiniyaamitti argamtu keessa jiraatan keessaa tokko taʼe sanaa kana ture. 2 Dubbiin Yihowaa bara Yosiyaas+ ilma Amoon+ isa mootii Yihudaa taʼetti, bara bulchiinsa isaa waggaa 13ffaatti gara isaa ni dhufe.

3 Akkasumas, dubbiin isaa bara Yehoyaaqiim+ ilma Yosiyaas mootii Yihudaatti, hamma xumura waggaa 11ffaa bara Zedeeqiyaa+ ilma Yosiyaas mootii Yihudaatti, hamma jiʼa shanaffaa+ Yerusaalem itti boojiʼamteetti dhufuu isaa itti fufe.

4 Dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:

 5 “Gadameessa keessatti si tolchuu koo dura si beekeera,*+

Dhalachuu* kee duras si qulqulleesseera.*+

Sabootaaf raajii si godheera.”

 6 Ani garuu, “Wayyoo, yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa!

Daaʼima* waanan taʼeef,+ akkamitti akkan dubbadhu hin beeku”+ nan jedhe.

 7 Yihowaanis akkana naan jedhe:

“Gara warran itti si ergu hundumaa deemuu waan qabduuf,

Wantan si ajaju hundumaas isaanitti waan dubbattuuf,+

‘Ani daaʼima’ hin jedhin.

 8 Fuulli isaanii si hin sodaachisin,+

Sababiin isaas, ‘Ani si oolchuuf sii wajjinan jira’+ jedha Yihowaan.”

9 Achiis Yihowaan harka isaa diriirsee afaan koo tuqe.+ Sana booda Yihowaan akkana naan jedhe: “Ani dubbii koo afaan kee keessa kaaʼeera.+ 10 Kunoo, ani harʼa sabootaa fi mootummoota irratti ol aantummaa akka qabaattu, akka buqqistuu fi akka jigsitu, akka balleessituu fi akka diigdu, akka ijaartuu fi akka dhaabduuf si muudeera.”+

11 Ammas dubbiin Yihowaa, “Yaa Ermiyaas, maaltu sitti mulʼata?” jedhu gara koo ni dhufe. Anis, “Damee muka almoondiitu* natti mulʼata” jedheen deebise.

12 Yihowaanis, “Dubbii koo raawwachuuf dammaqinaan eeggachaa waanan jiruuf, wanti ati argite sirrii dha” naan jedhe.

13 Dubbiin Yihowaa, “Maaltu sitti mulʼata?” jedhu yeroo lammaffaadhaaf gara koo ni dhufe. Anis, “Distii danfaa jiru* tokkotu natti mulʼata; afaan isaas gara kaabaatti jalʼateera” jedheen deebise. 14 Yihowaanis akkana naan jedhe:

“Jiraattota biyyattii hundumaa irratti,+

Kaaba irraa badiisni ni gadhiifama.

15 Sababiin isaas, ‘Ani maatiiwwan mootummoota kaabaa hundumaa nan waama’ jedha Yihowaan,+

‘Isaanis ni dhufu; tokkoon tokkoon isaaniis

Balbala karrawwan Yerusaalem irratti,+

Guutummaa naannoo dallaawwan ishii irratti,

Akkasumas guutummaa magaalota Yihudaa irratti teessoo isaanii ni dhaabu.+

16 Isaan waan na dhiisaniif,+

Waaqolii kan birootiif aarsaa aarfamu waan dhiheessaniif,+

Akkasumas hojiiwwan harka isaaniitiif waan sagadaniif,+

Anis hammina isaanii hundumaatiif murtii koo isaan irratti nan dabarsa.’

17 Ati garuu tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼi,*

Kaʼiitii wantan si ajaju hundumaa isaanitti himi.

Isaan hin sodaatin,+

Taʼuu baannaan garuu, isaan duratti akka sodaattu nan godha.

18 Sababiin isaas, ani harʼa guutummaa biyyattii irratti, mootota Yihudaa fi bulchitoota ishii irratti,

Luboota ishii fi uummata biyyattii irrattis,+

Akkuma magaalaa dallaa dhagaa qabduu,

Akkuma utubaa sibiilaa fi akkuma dallaawwan sibiila diimaa si godheera.+

19 Isaan dhugumaan si lolu,

Garuu si hin moʼan,

Sababiin isaas, ‘Ani si oolchuuf sii wajjinan jira’+ jedha Yihowaan.”

2 Dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Dhaqiitii akkana jedhii Yerusaalemitti dubbadhu: ‘Yihowaan akkana jedha:

“Jaalala* ijoollummaa keetti naaf qabdu,+

Jaalala yeroo naaf kaadhimatamtee turtetti natti argisiiste,+

Lafa onaa keessatti, lafa sanyiin irratti hin facaafamne keessattis,

Akkamitti na duukaa buʼaa akka turte akka gaariitti nan yaadadha.+

 3 Israaʼel Yihowaadhaaf qulqulluu ture,+ oomisha isaa keessaas firii isa jalqabaa ture.”’

‘Kan isa nyaatu kam iyyuu yakkamaa taʼa ture.

Badiisni isaanitti ni dhufa ture’ jedha Yihowaan.”+

 4 Yaa mana Yaaqoob,

Isin maatiiwwan mana Israaʼel hundis, dubbii Yihowaa dhagaʼaa.

 5 Yihowaan akkana jedha:

“Abbootiin keessan baayʼee kan na irraa fagaatan,

Waaqolii tolfamoo gatii hin qabne duukaa buʼanii+ ofii isaaniitiifis gatii kan hin qabne kan taʼan,+

Balleessaa akkamii na irratti argatanii ti?+

 6 Isaan, ‘Yihowaan eessa jira?

Inni biyya Gibxiitii nu baase,+

Inni lafa onaa keessatti,

Biyya gammoojjii+ fi boolli itti baayʼatu keessatti,

Biyya ongee+ fi dukkana cimaa keessatti,

Biyya namni keessa hin deemne,

Akkasumas namni keessa hin jiraanne keessatti nu geggeesse sun eessa jira?’ jedhanii hin gaafanne.

 7 Anis firii ishii fi wantoota gaggaarii ishii keessa jiran akka nyaattaniif,+

Gara biyya maasii fuduraa qabdutti isin nan fide.

Isin garuu seentanii biyya koo xureessitan;

Dhaala koos wanta jibbisiisaa gootan.+

 8 Luboonni, ‘Yihowaan eessa jira?’ jedhanii hin gaafanne.+

Warri Seericha barsiisan na hin beekne,

Tiksitoonni na irratti fincilan,+

Raajonni maqaa Baʼaaliin raajii dubbatan,+

Warra faayidaa argamsiisuu hin dandeenye duukaas ni buʼan.

 9 ‘Kanaafuu, ani kana caalaa isin nan morma,+

Ilmaan ilmaan keessaniis nan morma’ jedha Yihowaan.

10 ‘Haa taʼu malee, gara qarqarawwan galaanaa* Kiitimitti+ ceʼaatii ilaalaa.

Eeyyee, gara Qeedaaritti+ dhaamsa ergaa, of eeggannoodhaanis itti yaadaa;

Wanti kana fakkaatu raawwatamuu fi dhiisuu isaas ilaalaa.

11 Sabni warra waaqolii hin taaneen waaqolii isaa jijjiiree beeku jiraa?

Sabni koo garuu wanta faayidaa hin qabneen ulfina koo jijjiireera.+

12 Yaa samiiwwan, ajaaʼibsiifannaadhaan wanta kana ilaalaa;

Naasuu guddaadhaanis holladhaa’ jedha Yihowaan.

13 ‘Sababiin isaas, sabni koo wantoota hamoo taʼan lama raawwateera:

Isaan ana isa madda bishaan jireenyaa taʼe dhiisaniiru,+

Ofii isaaniitiifis boollawwan bishaanii,

Boollawwan bishaanii urataa taʼan warra bishaan qabachuu hin dandeenye qotataniiru.’*

14 ‘Israaʼel tajaajilaa yookiin garbicha mana keessatti dhalate dhaa?

Saamichaaf dabarfamee kan kenname maaliifi ree?

15 Leenconni saafelli isa irratti ni baroodan;+

Isa irratti ni iyyan.

Biyya isaas iddoo sodaachisaa ni godhan.

Namni tokko illee achi akka hin jiraanneef, magaalonni isaa ibiddaan ni gubaman.

16 Namoonni Noofii*+ fi Xaafnes+ gubbee mataa keetii ni nyaatu.

17 Utuma inni daandii irratti si geggeessaa jiruu,

Ati Waaqa kee Yihowaa dhiisuudhaan,+

Ofuma irratti kana hin fidnee?

18 Maarree, bishaanota Shihoor* dhuguuf

Daandii gara Gibxiitti geessu kan hawwite maaliifi?+

Bishaanota Lagichaa* dhuguufis

Daandii gara Asooritti geessu kan hawwite maaliifi?+

19 Hamminni kee si sirreessuu,

Amanamummaa dhabuun kees si adabsiisuu qaba.

Waaqa kee Yihowaa dhiisuun

Hammam hamaa fi hadhaaʼaa akka taʼe beeki, hubadhus;+

Ati na hin sodaanne’+ jedha Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

20 ‘Bara dheeraa dura waanjoo* kee nan caccabse,+

Funcaawwan kees nan kukkute.

Ati garuu, “Ani hin tajaajilu” jetteetta,

Dhuguma iyyuu ati tabba ol kaʼaa hundumaa irrattii fi muka lalisaa hundumaa jalatti+

Dugda keetiin ciistee sagaagalummaa raawwatteetta.+

21 Ani akka muka wayinii diimaa isa filatame, isa sanyiin isaa guutummaatti qulqulluu taʼe godheen si dhaabe;+

Maarree, ati akkamitti ana duratti damee muka wayinii biyya ormaa isa gatii hin qabne taʼuu dandeesse?’+

22 ‘Ati soodaadhaan* yoo dhiqattee fi saamunaa hedduutti yoo fayyadamte iyyuu,

Yakka keetiin kan kaʼe amma iyyuu na duratti xurooftuu dha’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

23 Ati akkamitti, ‘Ani of hin xureessine.

Baʼaal duukaas hin buune’ jechuu dandeessa?

Daandii kee isa sulula keessatti argamu ilaali.

Wanta raawwattes hubadhu.

Ati akkuma gaala dhaltuu saffisa qabdu,

Ishii kaayyoo malee daandiiwwan ishii irra asii fi achi fiigduu ti,

24 Akka harree bosonaa ishii lafa onaa barte,

Ishii kajeellaa ishiitiin* qilleensa suuftuu ti.

Yommuu kajeellaa keessa jirtutti eenyutu ishii dhowwuu dandaʼa?

Warri ishii barbaadan hundi of dadhabsuun isaan hin barbaachisu.

Waqtii* ishiitti ishii ni argatu.

25 Fiiguu dhiisi, taʼuu baannaan miilli kee qullaatti hafa,

Qoonqoon kees dheebuudhaan goga.

Ati garuu, ‘Kun abdii hin qabu!+

Hin taʼu, ani jaalala warra ormaatiin* qabameera,+

Isaan duukaas nan buʼa’ jette.+

26 Hattuun tokko yeroo qabamutti akkuma qaanaʼu,

Manni Israaʼel qaanaʼeera,

Isaan, mootonni isaanii fi bulchitoonni isaanii,

Luboonni isaanii fi raajonni isaanii qaanaʼaniiru.+

27 Isaan mukaan, ‘Ati abbaa koo ti,’+

Dhagaadhaanis, ‘Situ na daʼe’ jedhu.

Anatti garuu fuula isaanii utuu hin taʼin dugda isaanii garagalchu.+

Yeroo rakkinni isaan irra gaʼutti immoo,

‘Kaʼiitii nu oolchi!’ jedhu.+

28 Waaqoliin kee warri ofiif tolfatte eessa jiru?+

Yaa Yihudaa, waaqoliin kee akkuma magaalota keetti hedduu waan taʼaniif,

Mee yoo dandaʼan kaʼanii yeroo rakkina keetti si haa oolchan.+

29 ‘Yeroo hundumaa kan na morkattan maaliifi?

Hundi keessan na irratti kan finciltan maaliifi?’+ jedha Yihowaan.

30 Ani akkanumaanan ilmaan keessan rukute.+

Isaan homaa adaba hin fudhanne;+

Akkuma leenca riphee eeggatuutti

Goraadeen keessan raajota keessan ni nyaate.+

31 Yaa dhaloota nana, ofuma keessaniif dubbii Yihowaa qoradhaa.

Ani Israaʼelitti akka lafa onaa

Yookiin akka biyya dukkana nama dhiphisu qabuu taʼeeraa?

Sabni koo kun, ‘Gara barbaanne deemna.

Kana booda gara kee hin dhufnu’ kan jedhan maaliifi?+

32 Durbi faayawwan ishii,

Misirroonis sabbata ishii isa miidhagfame* ni irraanfattii?

Sabni koo garuu guyyoota hammana hin jedhamneef na irraanfateera.+

33 Yaa dubartii nana, ati jaalala barbaacha of eeggannoodhaan daandii kee qopheeffatteetta!

Daandiiwwan hamminaa irra deemuuf of leenjisteetta.+

34 Uffanni kee dhiiga namoota hiyyeeyyii* balleessaa hin qabneetiin xuraaʼeera;+

Yommuu isaan mana kee cabsanii seenan kanan hin argine taʼus,

Dhiiga isaanii uffata kee hundumaa irratti argaan jira.+

35 Ati garuu, ‘Ani qulqulluu dha.

Dheekkamsi isaa dhugumaan na irraa deebiʼeera’ jetta.

Ati, ‘Ani cubbuu hin raawwanne’ waan jettuuf,

Amma ani si irratti murtii nan dabarsa.

36 Ati daandii kee isa jijijjiiramu kana akka laayyootti kan ilaaltu maaliifi?

Akkuma warri Asoor si qaanessanitti,+

Warri Gibxiis si qaanessu.+

37 Kanaan kan kaʼes adda kee qabattee gad baata,+

Sababiin isaas, Yihowaan warra itti amanamte sana tuffateera;

Isaan milkaaʼina siif hin argamsiisan.”

3 Namoonni, “Namni tokko haadha manaa isaa yoo manaa baase, ishiinis isa dhiistee kan nama biraa yoo taate, namni kun sana booda ishiitti ni deebiʼaa?” jedhanii gaafatu.

Biyyattiin guutummaatti faalamteetti mitii?+

“Ati michoota hedduu wajjin sagaagalummaa raawwatteetta,+

Maarree, gara kootti deebiʼuu qabdaa?” jedha Yihowaan.

 2 “Ol jedhiitii tabbawwan duwwaa taʼan ilaali.

Bakki ati itti hin gudeedamne jiraa?

Akkuma tikfattee* lafa onaa keessa jiruutti,

Ati daandiiwwan qarqara teessee isaan eeggatte.

Sagaagalummaa kee fi hammina keetiin

Biyyattii faaluu kee itti fufte.+

 3 Kanaan kan kaʼes, bokkaan ni ittifame,+

Waqtii arfaasaa keessas bokkaan hin roobu.

Ati akkuma* haadha manaa saalfii tokko malee sagaagalummaa raawwattuu taate;

Qaanaʼuus ni didde.+

 4 Amma garuu akkana naan jetta:

‘Yaa Abbaa koo, ati michuu ijoollummaa kootii ti!+

 5 Ati bara baraaf ni mufattaa?

Yookiin yeroo hundumaa haaloo ni qabattaa?’

Ati akkana jetta,

Garuu wanta hamaa gochuu dandeessu hundumaa gochuu kee itti fufteetta.”+

6 Bara Yosiyaas+ Mootichaatti Yihowaan akkana naan jedhe: “‘Wanta Israaʼel ishiin amanamtuu hin taane raawwatte argiteettaa? Ishiin gaara ol kaʼaa hundumaa gubbaattii fi muka lalisaa hundumaa jalatti sagaagalummaa raawwachuuf ni deemte.+ 7 Ishiin wantoota kana hundumaa erga raawwattee booda illee, gara kootti akka deebitu itti himuu koo ittan fufe;+ ishiin garuu hin deebine; Yihudaanis obboleettii ishii ishii gantuu taate ilaaluu ishii itti fufte.+ 8 Anis kana yommuun argu, waraqaa ragaa ejja ishiitiin+ kan kaʼe ani ittiin ishii hiike ishiidhaaf kennee Israaʼel ishii amanamtuu hin taane nan ariʼe.+ Taʼus obboleettiin ishii Yihudaan ishiin gantuun sun hin sodaanne; ishiinis gad baatee sagaagalummaa raawwatte.+ 9 Sagaagalummaa raawwachuu ishiis akka laayyootti ilaalte; biyyatti faaluu, akkasumas dhagootaa fi mukeetii wajjin ejja raawwachuu ishii itti fufte.+ 10 Kana hundumaa booda illee, obboleettiin ishii Yihudaan ishiin gantuu taate ni fakkeessite malee garaa ishii guutuudhaan gara kootti hin deebine’ jedha Yihowaan.”

11 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Israaʼel ishiin amanamtuu hin taane Yihudaa ishii gantuu taate caalaa qajeelummaa akka qabdu argisiisteetti.+ 12 Dhaqiitii dubbii kana kaabatti+ labsi:

“‘“Yaa Israaʼel ishii gantuu taate nana, deebiʼi” jedha Yihowaan.’+ ‘“Ani amanamaa waanan taʼeef, aariidhaan gad si hin ilaalu”*+ jedha Yihowaan.’ ‘“Ani bara baraaf hin mufadhu. 13 Ati Waaqa kee Yihowaa irratti waan fincilteef, yakkuma kee qofa amanii fudhadhu. Ati muka lalisaa hundumaa jalatti warra ormaa* wajjin saalqunnamtii raawwachuu kee itti fufte malee, sagalee kootiif hin ajajamne” jedha Yihowaan.’”

14 “Yaa ilmaan gantoota taatan nana, deebiʼaa” jedha Yihowaan. “Sababiin isaas, ani gooftaa* keessan isa dhugaa taʼeera; magaalaa tokko keessaa tokko tokko, maatii tokko keessaas lama lama godhee isin nan fudhadha; gara Xiyoonittis isin nan fida.+ 15 Tiksitoota akka fedhii* kootti hojjetan isiniif nan kenna;+ isaanis beekumsaa fi hubannaadhaan isin ni sooru. 16 Isinis bara sanatti biyyattii keessatti ni baayʼattu, firiis ni godhattu” jedha Yihowaan.+ “Isaan kana booda, ‘Taabota kakuu Yihowaa!’ hin jedhan. Inni garaa keessa hin taaʼu; isaanis isa hin yaadatan yookiin isa hin yaadan; inni lammata hin tolfamu. 17 Yeroo sanatti isaan Yerusaalemiin teessoo Yihowaa jedhanii ni waamu;+ saboonni hundis maqaa Yihowaatiif ulfina kennuuf Yerusaalemitti walitti ni qabamu;+ isaan kana booda didaa taʼuudhaan garaa isaanii isa hamaa duukaa hin buʼan.”

18 “Bara sanatti manni Yihudaa, mana Israaʼelii wajjin waliin ni deemu;+ isaan waliin taʼuudhaan biyya kaabaa irraa gara biyya ani dhaala godhee abbootii keessaniif kenne sanaatti ni dhufu.+ 19 Anis, ‘Akkamitti ilmaan koo gidduu akkan si kaaʼe, biyya jaallatamtuu, dhaala saboota gidduutti* hundumaa caalaa bareedduu taate sanas akkamitti akkan siif kenne’+ nan yaade. Kana malees, ‘Abbaa koo!’ jettanii akka na waamtan, na duukaa buʼuus akka hin dhiisne yaadeen ture. 20 ‘Yaa mana Israaʼel, akkuma haati manaa takka gantummaadhaan abbaa manaa* ishii dhiistutti, atis dhugumaan gantummaa na irratti raawwatteetta’+ jedha Yihowaan.”

21 Tabbawwan duwwaa taʼan irraa sagaleen tokko,

Sagaleen booʼichaa fi sagaleen kadhannaa saba Israaʼel ni dhagaʼama,

Sababiin isaas, isaan daandii isaanii jalʼisaniiru;

Waaqa isaanii Yihowaas irraanfataniiru.+

22 Yaa ilmaan gantoota taatan nana, deebiʼaa.

Ani isin nan fayyisa, isinis kana booda gantoota hin taatan.”+

“Yaa Yihowaa, ati Waaqa keenya waan taateef,

Kunoo, nuti gara kee dhufneerra.+

23 Dhugumaan tabbawwan sunii fi jeequmsi gaarota irratti dhagaʼamu abjuu dha.+

Dhugumaan fayyinni Israaʼel Waaqa keenya Yihowaa biraa argama.+

24 Haa taʼu malee, ijoollummaa keenyaa jalqabee wanti* nama qaanessu tokko wanta abbootiin keenya itti dadhaban,+

Bushaayeewwanii fi horiiwwan isaanii,

Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii nyaateera.

25 Qaanofnee haa ciisnu,

Salphinni keenyas nu haa haguugu,

Nutis taane abbootiin keenya ijoollummaa keenyaa kaasee hamma harʼaatti,+

Waaqa keenya Yihowaa irratti cubbuu raawwanneerra,+

Sagalee Waaqa keenya Yihowaatiifis hin ajajamne.”

4 Yihowaan akkana jedha: “Yaa Israaʼel, ati yoo deebite,

Eeyyee, gara kootti yoo deebite,

Waaqolii tolfamoo kee warra balfamoo taʼanis na duraa yoo balleessite,

Baqataa hin taatu.+

 2 Dhugaadhaan, haqaa fi qajeelummaadhaan,

‘Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha!’ jettee yoo kakatte,

Saboonni karaa isaa ofii isaaniitiif eebba ni argatu,

Isaan kan kaʼes ni boonu.”+

3 Yihowaan namoota Yihudaatiin, akkasumas Yerusaalemiin akkana jedha:

“Lafa isa qotiisaaf taʼu qotadhaa,

Qoree gidduuttis sanyii hin facaasinaa.+

 4 Yaa namoota Yihudaa, yaa jiraattota Yerusaalem,

Yihowaadhaaf dhaqna qabadhaa,

Qolofa* garaa keessaniis of irraa muraa;+

Taʼuu baannaan garuu gocha keessan isa hamaadhaan kan kaʼe

Dheekkamsi koo akkuma ibiddaatti ni bobaʼa,

Eenyu iyyuus isa dhaamsuu hin dandaʼu.”+

 5 Yihudaa keessatti kana labsaa, Yerusaalem keessattis beeksisaa.

Guutummaa biyyattii keessatti iyyaa, xurumbaas* afuufaa.+

Sagalee keessan ol kaasaatii akkana jedhaa iyyaa: “Walitti qabamaa,

Gara magaalota dallaa dhagaa qabaniitti haa baqannu.+

 6 Mallattoo* gara Xiyoonitti argisiisu dhaabaa.

Dahoo barbaaddadhaa, calluma jettaniis hin dhaabbatinaa,”

Sababiin isaas, ani kaaba irraa balaa, eeyyee, badiisa guddaa tokko nan fida.+

 7 Inni tusii* isaa keessaa akkuma leencaatti baʼeera;+

Inni saboota balleessu gad baʼeera.+

Biyya kee bakka sodaachisaa gochuuf iddoo isaatii gad baʼeera.

Magaalonni kee ni diigamu, namnis isaan keessa hin jiraatu.+

 8 Kanaafuu, uffata gaddaa uffadhaa,+

Gaddaa,* gadoodaas,

Sababiin isaas, dheekkamsi Yihowaa inni bobaʼu nu irraa hin deebine.

 9 Yihowaan akkana jedha, “Guyyaa sanatti mootichi ija jabina* dhaba,

Bulchitoonnis ija jabina* dhabu;+

Luboonni ni jeeqamu, raajonnis ni dinqisiifatu.”+

10 Anis, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, wayyoo! Goraadeen morma keenya irra kaaʼamee* utuu jiruu, ‘Nagaa ni argattu’+ jechuudhaan dhugumaan saba kanaa fi Yerusaalemiin gowwoomsiteetta”+ nan jedhe.

11 Yeroo sanatti saba kanaa fi Yerusaalemiif akkana jedhama:

“Bubbeen waxalu inni tabbawwan gammoojjii duwwaa taʼan irraa dhufu,

Intala* saba kootii irratti saffisaan gad buʼa;

Inni kan dhufu calleessuuf yookiin qulqulleessuuf miti.

12 Bubbeen humna guutuudhaan ajaja kootiin iddoowwan kana irraa ni dhufa.

Ani isaan irratti murtii nan dabarsa.

13 Kunoo, inni akkuma duumessa bokkaa of keessatti qabateetti ni dhufa,

Gaariiwwan fardaa isaas akkuma obomboleettii ti.+

Fardeen isaa risaa caalaa saffisa qabu.+

Waan mancaaneef, nuuf wayyoo!

14 Yaa Yerusaalem, akka ooltuuf, garaa kee dhiqiitii hammina irraa qulqulleessi.+

Hamma yoomiitti garaa keetti yaada hamaa qabatta?

15 Sababiin isaas, sagaleen tokko Daan irraa oduu ni hima,+

Gaarota Efreem irraas badiisa ni labsa.

16 Kana gabaasaa, eeyyee, sabootatti himaa;

Yerusaalem irratti labsaa.”

“Basaastonni* biyya fagoodhaa dhufaa jiru,

Magaalota Yihudaa irrattis ni iyyu.

17 Ishiin ana irratti waan fincilteef,+

Isaan akkuma waardiyyoota dirree eeganiitti kallattii hundumaatiin ishiitti ni dhufu”+ jedha Yihowaan.

18 “Daandiin kee fi gochi kee suma irratti deebiʼa.+

Fincilli kee garaa kee keessatti hidda waan gad fageeffateef,

Badiisni kee akkam hadhaaʼaa dha!”

19 Nan dhiphadhe,* nan dhiphadhe!

Garaa koo* keessatti dhiphinni guddaan natti dhagaʼama.

Onneen koo na keessatti ni rukuta.

Sagalee xurumbaa,

Sagalee mallattoo* waraanaa waanan dhagaʼeef,

Calluma jechuu hin dandaʼu.+

20 Guutummaan biyyattii waan balleeffamteef,

Badiisni gaʼuun isaa irra deddeebiʼee odeeffamaa jira.

Dunkaanonni koo akkuma tasaa,

Huccuuwwan dunkaanaa koo yeroo xinnoo gidduutti balleeffamaniiru.+

21 Ani mallattoo* kana kanan ilaalu,

Sagalee xurumbaas kanan dhagaʼu hamma yoomiitti?+

22 “Sabni koo gowwaa dha;+

Isaan na hin beekan.

Isaan ilmaan gowwoota taʼan warra hubannaa hin qabne dha.

Wanta hamaa hojjechuu irratti dandeettii guddaa qabu,*

Akkamitti wanta gaarii akka hojjetan garuu hin beekan.”

23 Ani biyyattii nan arge, kunoo ishiin duwwaa fi ona turte.+

Samiiwwan nan ilaale, ifni isaaniis hin jiru ture.+

24 Gaarota nan ilaale, kunoo isaan kirkiraa turan,

Tabbawwanis hollachaa turan.+

25 Ani nan ilaale, kunoo namni tokko illee hin turre,

Simbirroonni samii hundis baqatanii turan.+

26 Ani nan ilaale, kunoo maasiin fuduraa akkuma lafa onaa taʼee ture,

Magaalonni isaa hundis diigamanii turan.+

Kunis, sababa Yihowaatiin,

Dheekkamsa isaa isa bobaʼuun kan kaʼe dha.

27 Yihowaan akkana jedha: “Guutummaan biyyattii ni onti,+

Taʼus ani guutummaatti haxaaʼee ishii hin balleessu.

28 Kanaan kan kaʼes, biyyattiin ni gadditi,+

Samiiwwan olitti argamanis ni dukkanaaʼu.+

Ani dubbadheera, murteesseeras,

Yaada koo hin jijjiiru,* isa irraas duubatti hin deebiʼu.+

29 Sagaleen abbootii fardeenii fi sagaleen warra iddaa darbatanii yommuu dhagaʼamutti,

Magaalattii keessa kan jiran hundi ni baqatu.+

Isaan tusiiwwan keessa ni seenu,

Qarsaawwan irrattis ol ni baʼu.+

Magaalaan hundi dhiifameera,

Namni achi jiraatus hin jiru.

30 Amma balleeffamteetta, egaa maal goota?

Uffata diimaa uffatta,

Faayawwan warqiitiin of miidhagsita,

Ija kee kuullattees guddaa fakkaatee akka mulʼatu goota turte.

Haa taʼu malee, warri kajeellaa isaaniitiin si duukaa buʼaa turan waan si jibbaniif,

Of miidhagsuun kee gatii hin qabu;+

Isaan amma lubbuu kee balleessuu barbaadu.*+

31 Sababiin isaas, ani sagalee akka sagalee dubartii dhukkubsattee taʼe,

Dhiphina akka dhiphina dubartii mucaa ishii isa angafaa daʼuuf ciniinsifachaa jirtuu taʼe,

Sagalee intala Xiyoon ishii hafuurri ishii ciccitaa jiru sanaas dhagaʼeera.

Ishiin harka ishii diriirsitee,+

“Warra ajjeesan sanaan kan kaʼe waanan dadhabeef, anaaf wayyoo!” jetti.

5 Daandiiwwan Yerusaalem irra asii fi achi deemaa.

Asii fi achi ilaalaa, qalbeeffadhaas.

Nama haqa raawwatu,+

Nama amanamaa taʼuu barbaadu tokko argachuu yoo dandeessaniif,

Addabaabayiiwwan ishii keessa barbaadaa,

Anis ishiidhaaf dhiifama nan godha.

 2 Isaan, “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha!” yoo jedhan iyyuu,

Sobaan kakatu.+

 3 Yaa Yihowaa, ijji kee amanamummaa arguu barbaada mitii ree?+

Ati isaan ni rukutte, garuu kun isaan irratti jijjiirama hin fidne.*

Ati isaan ni balleessite, isaan garuu adaba fudhachuu didan.+

Fuula isaanii qarsaa caalaa cimaa godhan,+

Deebiʼuus ni didan.+

 4 Ani garuu akkana jedheen yaade: “Dhugumaan namoonni kun rakkatoo dha.

Isaan daandii Yihowaa,

Murtii Waaqa isaaniis waan hin beekneef, gocha gowwummaa ni raawwatu.

 5 Ani gara namoota beekamoo taʼanii dhaqee isaanii wajjin nan dubbadha,

Sababiin isaas, isaan daandii Yihowaa,

Murtii Waaqa isaaniis hubataniiru.+

Taʼus hundi isaanii waanjoo sana caccabsaniiru,

Hidhaa sanas kukkutaniiru.”

 6 Leenci bosonaa kan isaan nyaatu,

Yeeyyiin gammoojjii kan isaan balleessu,

Qeerransis magaalota isaanii biratti riphee kan eeggatu kanaafi.

Namni achi keessaa gad baʼu kam iyyuu ni ciccirama.

Sababiin isaas, yakki isaanii hedduu dha;

Gochi gantummaa isaaniis hammana hin jedhamu.+

 7 Maarree, gocha kee kanaaf akkamittan dhiifama siif gochuu dandaʼa?

Ilmaan kee na dhiisaniiru,

Isaan wanta Waaqa hin taaneen kakatu.+

Wanta isaan barbaachisu isaaniif nan guute,

Isaan garuu ejja raawwachuu isaanii itti fufan,

Gara mana sagaagaltuuttis ni yaaʼan.

 8 Isaan akkuma fardeen ciccimoo kajeellaa keessa jiranii ti,

Tokkoon tokkoon isaanii haadha manaa nama kan biraatti ni himimsu.+

 9 “Ani wantoota kanaaf isaan gaafachuu hin qabuu?

Saba akkanaa irratti haaloo baʼuu hin qabuu?”+ jedha Yihowaan.

10 “Maasiiwwan wayinii ishii irratti kaʼaa, balleessaas,

Garuu guutummaatti haxooftanii hin balleessinaa.+

Isaan kan Yihowaa waan hin taaneef,

Dameewwan ishii warra babalʼachaa jiran irraa ciraa.

11 Sababiin isaas, manni Israaʼelii fi manni Yihudaa,

Guutummaatti na gananiiru” jedha Yihowaan.+

12 “Isaan Yihowaa gananiiru, irra deddeebiʼaniis,

‘Inni homaa hin godhu.*+

Rakkinni nutti hin dhufu;

Goraadees taʼe beela hin arginu’ jedhu.+

13 Raajonni bubbeedhaan guutamaniiru,

Dubbichis* isaan keessa hin jiru.

Wantumti kun isaan irra haa gaʼu!”

14 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

“Namoonni kun akkana waan jedhaniif,

Kunoo, ani dubbii koo afaan kee keessatti ibidda nan godha,+

Sabni kun immoo qoraan ni taʼu,

Ibiddichis isaan ni guba.”+

15 “Yaa mana Israaʼel, kunoo ani fagoo irraa saba tokko gara keessanitti nan fida”+ jedha Yihowaan.

“Innis saba bara dheeraa jiraate dha.

Saba bara durii,

Saba ati afaan isaa hin beekne,

Qooqa isaas hubachuu hin dandeenye dha.+

16 Korojoon xiyyaa isaanii akkuma awwaala banamee ti;

Hundi isaanii loltoota jajjaboo dha.

17 Isaan oomisha kee fi nyaata kee ni nyaatu.+

Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa kee ni nyaatu.

Bushaayeewwanii fi horiiwwan kee ni nyaatu.

Mukeetii wayinii fi mukeetii harbuu kee ni nyaatu.

Magaalota kee warra dallaa dhagaa qaban warra ati itti amanamtus goraadeedhaan ni balleessu.”

18 Yihowaan akkana jedha: “Taʼus bara sanatti illee, ani guutummaatti haxaaʼee isin hin balleessu.+ 19 Yommuu isaan, ‘Waaqni keenya Yihowaan wantoota kana hundumaa kan nu irratti raawwate maaliifi?’ jedhanii gaafatan, ati immoo, ‘Isin biyya keessan keessatti waaqa ormaa tajaajiluuf akkuma na dhiistan, biyya kan keessan hin taane keessatti namoota biyya ormaa ni tajaajiltu’ jettee isaaniif deebista.”+

20 Kana mana Yaaqoob keessatti labsaa,

Yihudaa keessattis beeksisaa, akkana jedhaa:

21 “Isin gowwoonnii fi warri hubannaa* hin qabne kana dhagaʼaa:+

Isaan ija qabu, garuu arguu hin dandaʼan;+

Gurra qabu, garuu dhagaʼuu hin dandaʼan.+

22 Yihowaan akkana jedha: ‘Isin na hin sodaattanii?

Na duratti hollachuu hin qabdanii?

Galaanaaf daangaa godhee cirracha kan kaaʼe,

Sana irra darbuu akka hin dandeenyeefis dambii dhaabbataa kan isaaf kaaʼe ana dha.

Dambaliin isaa yoo jeeqame iyyuu, isa irra darbuu hin dandaʼu;

Yoo huurse iyyuu, isa irra darbee deemuu hin dandaʼu.+

23 Sabni kun garuu, garaa didaa fi fincilaa taʼe qaba;

Isaan na irraa goranii daandii mataa isaanii irra deemaniiru.+

24 Isaan garaa isaaniitti,

“Amma Waaqa keenya Yihowaa,

Isa waqtii isaatti bokkaa,

Bokkaa birraa fi bokkaa arfaasaa nuu kennu,

Isa torbeewwan makaraa warra murteeffaman nuuf eegu sana haa sodaannu” hin jedhan.+

25 Balleessaan keessan wantoonni kun akka hin dhufne godheera;

Cubbuun keessanis wanta gaarii isin dhabsiiseera.+

26 Sababiin isaas, namoonni hamoon saba koo gidduu jiru.

Isaan akkuma yeroo namni simbira qabatu riphee eeggatu godhutti, xiyyeeffannaadhaan ilaalu.

Kiyyoo nama ajjeesu ni kaaʼu.

Kan isaan qabatanis namoota dha.

27 Akkuma guuboo simbirroon keessa guuteetti,

Manneen isaanii gowwoomsaadhaan guutamaniiru.+

Isaan jajjaboo fi sooreyyii kan taʼan kanaafi.

28 Isaan gabbataniiru, qaamni isaanii lallaafaa dha;

Hamminaanis guutamaniiru.

Isaan milkaaʼina argachuu irratti waan xiyyeeffataniif,

Mucaa abbaa hin qabneef hin falman;+

Hiyyeeyyiis haqa ni dhowwatu.’”+

29 “Ani Wantoota kanaaf isaan gaafachuu hin qabuu?” jedha Yihowaan.

“Saba akkanaa irratti haaloo baʼuu hin qabuu?

30 Wanti nama sururuu fi nama suukanneessu biyyattii keessatti raawwatameera:

31 Raajonni raajii sobaa dubbatu,+

Luboonnis aangoo isaaniitiin warra kaan hacuucu.

Sabni koos kanatti ni gammada.+

Haa taʼu malee, yommuu dhumni dhufu maal gootu laata?”

6 Yaa ilmaan Biiniyaam, Yerusaalem irraa fagaadhaatii dahoo barbaaddadhaa.

Teqoohaa+ keessatti xurumbaa afuufaa;+

Beet Haakereem irratti ibidda mallattoo taʼu qabsiisaa!

Sababiin isaas balaan, eeyyee, badiisni guddaan tokko kaaba irraa dhufaa jira.+

 2 Intalli Xiyoon dubartii bareedduu fi qananiituu fakkaatti.+

 3 Tiksitoonnii fi horiiwwan isaanii ni dhufu.

Dunkaanota isaanii ishiitti marsanii ni dhaabu,+

Tokkoon tokkoon isaaniis bushaayee isaanii ni dheechisu.+

 4 “Ishii irratti waraana banuuf qophaaʼaa!*

Kaʼaa, guyyaa saafaa ishii haa haleellu!”

“Guyyichi xumuramaa waan jiruuf,

Gaaddisni galgalaas dheerachaa waan jiruuf, nuuf wayyoo!”

 5 “Kaʼaa, halkaniin ishii haa haleellu,

Masaraawwan ishii warra ciccimoos haa diignu.”+

 6 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

“Muka muraa, Yerusaalemitti naannessaatii biyyoo tuulaa.+

Ishiin magaalaa adabamuu qabdu dha;

Hacuuccaa malee wanti kan biraan ishii keessa hin jiru.+

 7 Akkuma boolli bishaanii bishaan qabbaneessutti,

Ishiinis hammina ishii akkuma jirutti tursiti.

Jeequmsii fi badiisni ishii keessatti ni dhagaʼama;+

Dhukkubnii fi dhaʼichi yeroo hundumaa na dura jira.

 8 Yaa Yerusaalem, akeekkachiisa fudhadhu; taʼuu baannaan garuu, si jibbeen si irraa gora;+

Ani biyya one isa namni keessa hin jiraanne sin godha.”+

 9 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

“Akkuma firiin wayinii inni dhumaa muka wayinii irraa funaanamutti, isaan namoota Israaʼel warra hafan guutummaatti ni funaanu.

Akkuma nama muka wayinii irraa firii wayinii funaanuutti, ammas harka kee itti ergi.”

10 “Ani eenyutti dubbadhu? Eenyuun akeekkachiisu?

Eenyutu dhagaʼa?

Kunoo, gurri isaanii waan cufameef,* dhagaʼuu hin dandaʼan.+

Kunoo, dubbiin Yihowaa wanta isaan itti qoosan taʼeera;+

Isaan homaa itti hin gammadan.

11 Kanaafuu, ani dheekkamsa Yihowaatiin nan guutame,

Isas of keessatti qabachuu nan dadhabe.”+

“Mucaa daandii irra jiru irratti,+

Tuuta dargaggootaa walitti qabame irratti isa dhangalaasi.

Dhiirri haadha manaa isaa wajjin,

Maanguddoonnis warra baayʼee dulloomanii* wajjin ni boojiʼamu.+

12 Manneen isaanii,

Maasiiwwan isaanii fi haadhotiin manaa isaanii kan warra kaanii ni taʼu.+

Sababiin isaas, ani jiraattota biyyattii irratti harka koo nan diriirsa” jedha Yihowaan.

13 “Isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti, tokkoon tokkoon isaanii buʼaa sirrii hin taane argachuuf yaalu;+

Raajicha irraa hamma lubichaatti, tokkoon tokkoon isaanii gowwoomsaa raawwatu.+

14 Isaan utuu nagaan hin jiraatin,

‘Nagaa dha! Nagaa dha!’ jechaa,+

Caba saba kootii irruma keessa walʼaanuuf yaalii godhu.

15 Wanta jibbisiisaa raawwataniif qaaniin isaanitti dhagaʼamaa?

Matumaa qaaniin itti hin dhagaʼamu!

Isaan wanta saalfii jedhamu iyyuu hin beekan!+

Kanaafuu, isaan warra kufan gidduutti ni kukkufu.

Yommuun adaba isaanitti fidus ni gufatu” jedha Yihowaan.

16 Yihowaan akkana jedha:

“Daandiiwwan qaxxaamuraa irra dhaabbadhaatii ilaalaa.

Waaʼee daandiiwwan bara durii gaafadhaa,

Daandiin inni gaariin eessa akka jiru gaafadhaa, isa irra deemaa,+

Ofii* keessaniifis boqonnaa argadhaa.”

Isaan garuu, “Nuti isa irra hin deemnu” jedhan.+

17 “Waardiyyoota nan muude,+

Waardiyyoonni kunis, ‘Sagalee xurumbaa dhagaʼaa!’ isaaniin jedhan.”+

Isaan garuu, “Hin dhageenyu” jedhan.+

18 “Kanaafuu, yaa sabootaa, dhagaʼaa!

Atis yaa yaaʼii nana,

Wanta isaan irra gaʼu beeki.

19 Yaa lafaa, dhagaʼi!

Sabni kun dubbii koo waan hin dhageenyeef,

Seera* koos waan tuffataniif,

Mala qopheessan sanaan kan kaʼe,

Isaan irratti badiisa nan fida.”+

20 “Ati Sheebaadhaa ixaana adii,

Biyya fagoodhaas marga urgaaʼu fiduun kee maal na fayyada?

Aarsaawwan keessan warri guutummaatti gubaman fudhatama hin qaban,

Aarsaawwan keessan warri kaanis na hin gammachiisan.”+

21 Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha:

“Kunoo, ani saba kana dura gufuu nan kaaʼa,

Abbootiinii fi ilmaan,

Namnii fi michuun isaas,

Walumaan ni gufatu;

Hundi isaaniis ni badu.”+

22 Yihowaan akkana jedha:

“Kunoo, sabni tokko biyya kaabaa irraa ni dhufa,

Sabni guddaan tokkos andaara lafaatii ni dammaqfama.+

23 Isaan iddaa fi eeboo ni qabatu.

Isaan gara jabeeyyii dha; gara laafinas hin qaban.

Sagaleen isaanii akkuma galaanaatti huursa,

Isaan fardeen irra taaʼanii gulufu.+

Yaa intala Xiyoon, isaan akkuma loltuutti si waraanuuf tarree galanii dhaabbatu.”

24 Nuti waaʼee kanaa oduu dhageenyeerra.

Harki keenya laafeera;+

Yaaddoon nu qabateera,

Akkuma dubartii ciniinsuu irra jirtuuttis dhiphanneerra.+

25 Diinni goraadee waan qabateef,

Alatti gad hin baʼinaa,

Karaa irras hin deeminaa;

Bakka hundumaa naasuutu jira.

26 Yaa intala saba kootii,

Uffata gaddaa uffadhuutii+ daaraa irra gangaladhu.

Inni badiisa geessisu sun akkuma tasaa waan nutti dhufuuf,+

Akkuma ilma tokkichaaf gaddanitti mararamii booʼi.+

27 “Ani saba koo gidduutti nama sibiila qoree ilaalu,

Nama guutummaatti sakattaʼu si* godheera;

Atis daandii isaanii hubachuu fi qoruu qabda.

28 Hundi isaanii warra hunda caalaa didaa taʼani dha,+

Asii fi achi deemanii maqaa namaa balleessu.+

Isaan akkuma sibiila diimaa ti, akkuma sibiilaa tis;

Hundi isaanii mancaʼaniiru.

29 Buufaawwan waxalamaniiru.

Ibiddicha keessaa sibiila irsaasiitu baʼa.

Namni tokko cimee kan qulqulleessu akkanumaani,+

Warri gaarii hin taanes achi keessaa hin baafamne.+

30 Yihowaan waan isaan jibbeef,+

Dhugumaan namoonni meetii jibbame jedhanii isaan waamu.”

7 Yihowaa biraa dubbiin akkana jedhu gara Ermiyaas ni dhufe: 2 “Karra mana Yihowaa keessa dhaabbadhuutii ergaa kana achitti labsi: ‘Isin namoonni Yihudaa warri Yihowaadhaaf sagaduuf karrawwan kanatti seentan hundi dubbii Yihowaa dhagaʼaa. 3 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Daandiiwwan keessanii fi gochawwan keessan jijjiiraa; anis bakka kana jiraachuu keessan akka itti fuftan isiniif nan heyyama.+ 4 ‘Kun* mana qulqullummaa Yihowaa ti, mana qulqullummaa Yihowaa ti, mana qulqullummaa Yihowaa ti!’ jechuudhaan dubbii gowwoomsaatti hin amanaminaa.+ 5 Sababiin isaas, isin dhugumaan daandii keessanii fi gocha keessan yoo jijjiirtan, dhugumaan nama tokkoo fi michuu isaa gidduutti haqni akka raawwatamu yoo gootan,+ 6 namoota biyya ormaa, ijoollee warri jalaa duʼanii* fi dubartoota abbaan manaa irraa duʼe yoo cunqursuu baattan,+ iddoo kanatti dhiiga qulqulluu yoo dhangalaasuu baattan, akkasumas waaqolii kan biroo warra isin miidhan duukaa yoo buʼuu baattan,+ 7 ani immoo iddoo kana, biyya isan yeroo hundumaatiif* abbootii keessaniif kenne keessa jiraachuu keessan akka itti fuftan isiniif nan heyyama.”’”

8 “Isin garuu dubbii gowwoomsaatti amanamtu;+ kun matumaa faayidaa hin argamsiisu. 9 Isin utuma hattanii,+ utuma ajjeestanii, utuma ejja raawwattanii, utuma sobaan kakattanii,+ utuma Baʼaaliif aarsaa* dhiheessitanii,+ utuma waaqolii hin beekne duukaa buutanii, 10 utuma wantoota jibbisiisoo kana hundumaa raawwattaniis, gara koo dhuftanii mana maqaan koo itti waamamu kana keessatti na dura dhaabbattanii, ‘Nuti ni oolla’ jechuu dandeessuu? 11 Manni maqaan koo itti waamamu kun ija keessan duratti holqa saamtotaa taʼee?+ Kunoo, anumti iyyuu kana argeera” jedha Yihowaan.

12 “‘Haa taʼu malee, amma gara iddoo koo isa Shiilootti+ argamu, isan jalqaba maqaan koo achi akka jiraatu godhe+ sanaa dhaqaatii hammina saba koo Israaʼeliin kan kaʼe wantan isa irratti raawwadhe ilaalaa.+ 13 Yihowaan akkana jedha: ‘Isin garuu wantoota kana hundumaa raawwachuu keessan itti fuftan; ani irra deddeebiʼee* kanan isinitti dubbadhe taʼus, isin hin dhageenye.+ Irra deddeebiʼeen isin waame, isin garuu hin owwaanne.+ 14 Kanaafuu, mana maqaan koo itti waamamuu+ fi isin itti amanamtan kana irratti,+ iddoon isinii fi abbootii keessaniif kenne kana irrattis akkuman Shiiloo irratti godhe nan godha.+ 15 Akkuman obboloota keessan warra sanyii Efreem taʼan hundumaa gatetti, isiniinis ija koo duraa nan gata.’+

16 “Ati garuu, saba kanaaf hin kadhatin. Waanan si hin dhageenyeef,+ isaaniif jettee gara kootti hin iyyin yookiin kadhannaas taʼe wawwaannaa hin dhiheessin.+ 17 Wanta isaan magaalota Yihudaa keessattis taʼe daandiiwwan Yerusaalem irratti gochaa jiran hin argituu? 18 Mootuu Samiitiif* bixxillee aarsaadhaaf taʼu tolchuuf, ijoolleen dhiiraa qoraan funaanu, abbootiin ibidda qabsiisu, haadhotiin manaas bukoo bukeessu;+ na dheekkamsiisuufis waaqolii kan birootiif aarsaawwan dhugaatii ni dhangalaasu.+ 19 ‘Garuu isaan kan miidhan* anaa ree? Isaan qaanii ofitti fiduuf kan miidhan ofuma isaanii mitii?’+ jedha Yihowaan. 20 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, dheekkamsi koo fi aariin koo bakka kanatti, namaa fi horii irratti, akkasumas mukeetii fi firii lafaa irratti ni dhangalaʼa;+ inni ni bobaʼa, hin dhaamus.’+

21 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Aarsaawwan keessan warra guutummaatti gubaman aarsaawwan keessan warra kaanitti makaa; foonicha ofii keessanii nyaadhaa.+ 22 Sababiin isaas, guyyaan abbootii keessan biyya Gibxiitii baasetti, ani waaʼee aarsaawwan guutummaatti gubamaniis taʼe waaʼee aarsaawwan kaanii isaanitti hin dubbanne yookiin isaan hin ajajne.+ 23 Kanaa mannaa, ajaja kanan isaaniif kenne: “Sagalee kootiif ajajamaa, anis Waaqa keessan nan taʼa, isinis saba koo ni taatu.+ Gaarii akka isiniif taʼuuf, daandii ani ajaje kana hundumaa irra deemaa.”’+ 24 Isaan garuu hin dhageenye yookiin gurra hin kennine;+ kanaa mannaa, didaa taʼanii garaa isaanii isa hamaa hordofuudhaan yaada* mataa isaaniitiin deeman;+ isaan fuulduratti deemuu mannaa duubatti deebiʼan; 25 guyyaa abbootiin keessan biyya Gibxiitii baʼan irraa jalqabee hamma harʼaatti akkana godhan.+ Kanaafuu, ani raajota warra tajaajiltoota koo taʼan hundumaa guyyaa guyyaadhaan irra deddeebiʼee* gara keessanitti erguu koo ittan fufe.+ 26 Sabichi garuu na dhagaʼuu didan, gurras hin kennine.+ Kanaa mannaa, didaa taʼan,* abbootii isaanii caalaas hammina raawwatan!

27 “Ati dubbii kana hundumaa isaanitti ni dubbatta,+ isaan garuu si hin dhagaʼan; ati isaan ni waamta, isaan garuu hin owwaatan. 28 Atis, ‘Sabni kun saba sagalee Waaqa isaanii Yihowaatiif hin ajajamnee fi adaba fudhachuu didani dha. Amanamummaan badeera, isaan gidduutti hin kaafamu’*+ isaaniin jetta.

29 “Yihowaan dhaloota isa dheekkamsiise kana waan jibbeef, waan dhiiseefis, rifeensa kee* muriitii gati; tabbawwan duwwaa taʼan irrattis sagalee kee ol kaasiitii faaruu gaddaa faarfadhu. 30 ‘Sababiin isaas, sabni Yihudaa wanta na duratti hamaa taʼe raawwateera’ jedha Yihowaan. ‘Isaan manicha xureessuuf, mana maqaan koo itti waamamu keessatti waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼan dhaabaniiru.+ 31 Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii ibiddaan gubuuf,+ iddoowwan ol kaʼoo Tofeet isa Sulula Ilma Hinoom*+ keessatti argamu ijaaraniiru; kunis wanta ani hin ajajnee fi matumaa garaa kootti illee hin yaanne* dha.’+

32 “Yihowaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, kunoo, yeroon Tofeet yookiin Sulula Ilma Hinoom* utuu hin taʼin, Sulula Qalmaa itti jedhamu ni dhufa. Isaanis hamma iddoon dhabamutti Tofeet keessatti warra duʼan ni awwaalu.+ 33 Reeffi namoota kanaas allaattiiwwan samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata ni taʼa; namni tokko illee sodaachisee isaan hin ariʼu.+ 34 Biyyattiin tuullaa diiggaa waan taatuuf,+ ani magaalota Yihudaa keessaa, daandiiwwan Yerusaalem irraas sagalee gammachuu fi sagalee ililchuu, sagalee misirrichaa fi sagalee misirrittii nan callisiisa.’”+

8 Yihowaan akkana jedha: “Yeroo sanatti lafeen mootota Yihudaa, lafeen bulchitoota ishii, lafeen lubootaa, lafeen raajotaa fi lafeen jiraattota Yerusaalem awwaala isaanii keessaa ni fudhatama. 2 Achiis lafeewwan kun aduu, addeessaa fi guutummaa raayyaa samii warra isaan jaallachaa, tajaajilaa, duukaa buʼaa, barbaadaa fi isaaniif sagadaa turan duratti ni afamu.+ Isaan walitti hin qabaman, hin awwaalamanis. Lafa irratti akkuma dikee taʼu.”+

3 “Warri maatii hamaa kana keessaa lubbuudhaan oolan, iddoowwan ani itti isaan bittinneesse hundumaa keessatti jireenya mannaa duʼa ni filatu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

4 “Atis akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha:

“Isaan erga kufanii booda deebiʼanii hin kaʼanii?

Inni tokko duubatti yoo deebiʼe, inni kan biraanis duubatti hin deebiʼuu?

 5 Jiraattonni Yerusaalem, jechuunis sabni kun anaaf amanamoo utuu hin taʼin kan itti fufan maaliifi?

Isaan gowwoomsaatti ni cichu;

Deebiʼuus hin barbaadan.+

 6 Ani xiyyeeffannaadhaan nan hordofe, dhagaʼuu koos ittan fufe, taʼus akki isaan itti dubbatan sirrii hin turre.

Namni hammina isaa irraa yaada geddarate yookiin ‘Maal gochuu koo ti?’ jedhee gaafate hin jiru.+

Akkuma fardi gara dirree waraanaatti didichutti, tokkoon tokkoon namaa gara daandii namoonni hedduun hordofanitti deebiʼuu isaa itti fufe.

 7 Allaattiin awwaannisaa illee waqtii ishii* beekti;

Gugeen* bosonaa, simbirroon daalotee fi simbirroon kiilolee* yeroo itti deebiʼan* ni eegu.

Sabni koo garuu murtii Yihowaa hin hubatu.”’+

 8 ‘Isin akkamitti, “Nuti ogeeyyii dha, seera* Yihowaas qabna” jechuu dandeessu?

Barreessitoonni qalama isaaniitti kan fayyadaman soba barreessuuf+ qofa dha.

 9 Ogeeyyiin qaanaʼaniiru.+

Isaan jeeqamaniiru, ni qabamus.

Kunoo, isaan dubbii Yihowaa tuffataniiru,

Ogummaa akkamii qabu ree?

10 Kanaafuu, ani haadhotii manaa isaanii dhiirota kan birootiif,

Maasiiwwan isaaniis namoota kan birootiif nan kenna;+

Sababiin isaas, isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti, tokkoon tokkoon isaanii buʼaa sirrii hin taane argachuuf yaalu;+

Raajicha irraa hamma lubichaatti, tokkoon tokkoon isaanii gowwoomsaa raawwatu.+

11 Isaan utuu nagaan hin jiraatin,

“Nagaa dha! Nagaa dha!” jechaa,+

Caba intala saba kootii irruma keessa walʼaanuuf yaalii godhu.

12 Wanta jibbisiisaa raawwataniif qaaniin isaanitti dhagaʼamaa?

Matumaa qaaniin isaanitti hin dhagaʼamu!

Isaan wanta saalfii jedhamu iyyuu hin beekan!+

Kanaafuu, isaan warra kufan gidduutti ni kukkufu.

Yommuun adaba isaanitti fidus ni gufatu’+ jedha Yihowaan.

13 ‘Yommuun walitti isaan qabu, badiisa isaanitti nan fida.

Firiin wayinii muka wayinii irratti hin hafu, firiin harbuu muka harbuu irratti hin hafu, baallis ni coolliga.

Wanti ani isaaniif kenne, isaan jalaa ni bada’ jedha Yihowaan.”

14 “As kan teenyu maaliifi?

Kottaa walitti qabamnee gara magaalota dallaa dhagaa qabaniitti seennee+ achitti haa dhumnu.

Sababiin isaas, Yihowaa irratti cubbuu waan hojjenneef,

Waaqni keenya Yihowaan nu balleessa,

Akka dhugnuufis bishaan summaaʼe nuuf kenna.+

15 Nagaa arganna jennee abdanne, garuu wanti gaariin hin dhufne,

Yeroon fayyinaa ni dhufa jennee abdanne, garuu jeequmsatu taʼe!+

16 Daan irraa sagaleen fardeen diinaa ni dhagaʼama.

Guutummaan biyyattii,

Sagalee fardeen kormaa isaa warra himimsaniin ni kirkirti.

Isaan seenanii biyyattii fi wanta ishii keessa jiru hundumaa,

Magaalattii fi jiraattota ishiis ni nyaatu.”

17 “Sababiin isaas, ani bofawwan,

Bofawwan summii qaban warra dawweeffamuu hin dandeenye isin gidduutti nan erga,

Isaanis dhugumaan isin ni hiddu” jedha Yihowaan.

18 Gadda koo irraa jajjabaachuu hin dandeenye;

Garaan koos dhukkubsateera.

19 Biyya fagoodhaa,

Intala saba kootii irraa iyyi gargaarsaaf dhihaatuu fi

“Yihowaan Xiyoon keessa hin jiruu?

Mootiin ishii hoo achi keessa hin jiruu?” jedhu ni dhagaʼama.

“Isaan fakkiiwwan isaanii warra bocamaniin,

Waaqolii ormaa isaanii warra gatii hin qabneenis kan na dheekkamsiisan maaliifi?”

20 “Makarri darbeera, bonnis xumurameera,

Nuti garuu fayyina hin arganne!”

21 Ani kufaatii intala saba kootiitiin kan kaʼe caccabeera;+

Akka malee gaddeera.

Naasuun na qabateera.

22 Giiliyaad keessa baalsaamiin* hin jiruu?+

Yookiin kan fayyisu* achi hin jiruu?+

Maarree, intalli saba kootii dhukkuba irraa kan hin fayyine maaliifi?+

9 Maal taʼa mataan koo madda bishaanii,

Ijji koos burqaa imimmaanii utuu taʼee!+

Silaa warra saba koo keessaa ajjeefamaniif

Halkanii guyyaa nan booʼan ture.

 2 Maal taʼa lafa onaa keessatti buufata imaltuu utuun qabaadhee!

Hundi isaanii ejjitoota,+

Tuuta gantootaas waan taʼaniif,

Silaa saba koo dhiisee, irraas fagaadhee nan deeman ture.

 3 Isaan akkuma iddaatti arraba isaanii dabsu;

Amanamummaa utuu hin taʼin sobatu biyyattii keessatti babalʼate.+

“Isaan hammina irraa gara hamminaatti ceʼu,

Anas hin dhagaʼan”+ jedha Yihowaan.

 4 “Tokkoon tokkoon keessan michuu keessan irraa of eegaa,

Obboleessa keessan illee hin amaninaa.

Sababiin isaas, obboleessi hundi gantuu,+

Michuun hundis maqaa kan balleessu dha.+

 5 Tokkoon tokkoon namaa michuu isaa gowwoomsa,

Namni dhugaa dubbatus hin jiru.

Arraba isaanii soba dubbachuu barsiisaniiru.+

Wanta dogoggora taʼe raawwachuudhaan of dadhabsu.

 6 Ati namoota gowwoomsan gidduu jiraatta.

Isaan gowwoomsitoota waan taʼaniif na beekuu didaniiru” jedha Yihowaan.

 7 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

“Ani isaan nan baqsa, isaan nan qoras,+

Intala saba kootii irratti wanta kan biraa akkamiin gochuu dandaʼa?

 8 Arrabni isaanii iddaa nama ajjeesu isa gowwoomsaa dubbatu dha.

Namni tokko afaan isaatiin waaʼee nagaa michuu isaatti dubbata,

Keessa isaatti garuu riphee eeggata.”

 9 “Ani* wantoota kanaaf isaan gaafachuu hin qabuu?” jedha Yihowaan.

“Saba akkanaa irratti haaloo baʼuu hin qabuu?+

10 Ani gaarotaaf nan booʼa, faaruu gaddaa nan faarfadha,

Iddoowwan dheedichaa lafa onaatiifis faaruu gaddaa nan faarfadha,

Isaan waan gubataniif namni tokko illee achi keessa hin darbu,

Sagaleen horiis hin dhagaʼamu.

Simbirroonni samii fi bineensonni bosonaa baqataniiru; deemaniirus.+

11 Ani Yerusaalemiin tuullaa dhagaa,+ holqa sardiidotaa nan godha,+

Magaalota Yihudaas ona, bakka namni keessa hin jiraanne nan godha.+

12 Namni ogeessi kana hubachuu dandaʼu eenyu?

Inni kana akka labsuuf, afaan Yihowaa eenyutti dubbate?

Biyyattiin kan badde maaliifi?

Eenyu illee ishii keessa akka hin darbineef,

Akka lafa onaatti kan waxalamte maaliifi?”

13 Yihowaanis akkana jedhee deebise: “Kun kan taʼe, isaan seera* koo isan isaan dura kaaʼe waan tuffataniif, isa waan hin hordofneef, akkasumas sagalee kootiif waan hin ajajamneefi. 14 Kanaa mannaa, akkuma abbootiin isaanii isaan barsiisanitti didaa taʼuudhaan,+ yaada ofii isaanii duukaa, fakkiiwwan Baʼaal duukaas ni buʼan.+ 15 Kanaafuu, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Kunoo, ani sabni kun hadheessa akka nyaatuu fi bishaan summaaʼe akka dhugu nan godha.+ 16 Saboota warra isaanis taʼan abbootiin isaanii hin beekne gidduutti isaan nan bittinneessa;+ guutummaatti hamman isaan balleessuttis duuba isaaniitiin goraadee nan erga.’+

17 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

‘Hubannaadhaan deddeebiʼaa.

Dubartoota faaruu gaddaa faarfatan waamaa,+

Dubartoonni dandeettii qaban akka dhufanis isaanitti dhaamaa;

18 Isaanis ijji keenya imimmaan akka lolaasuuf,

Qolli ija keenyaas bishaan akka coccobsuuf,

Dafanii dhufanii, sagalee isaanii ol kaasanii faaruu gaddaa nuuf haa faarfatan.+

19 Sababiin isaas, faaruun gaddaa akkana jedhu Xiyoon keessaa dhagaʼameera:+

“Nuti akkam haxaaʼamnee balleeffamne!

Qaaniin keenya akkam guddaa dha!

Nuti biyyattii dhiisnee deemneerra, isaanis manneen keenya diiganiiru.”+

20 Isin dubartoonni, dubbii Yihowaa dhaggeeffadhaa.

Gurri keessan dubbii afaan isaa haa dhagaʼu.

Ijoollee durbaa keessan booʼicha kana,

Walii keessanis faaruu gaddaa kana barsiisaa.+

21 Sababiin isaas, duuti karaa foddaa keenyaa dhufeera;

Inni daandiiwwan irraa ijoollee,

Addabaabayiiwwan irraas dargaggoota fudhachuuf,

Masaraawwan keenya warra ciccimoo keessa seeneera.’+

22 Akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha:

“Reeffi namootaa akkuma dikee dirree irra jiruutti,

Akkuma midhaan namni midhaan haamu haamee achumatti dhiisutti ni kukkufa,

Namni walitti isaan qabus hin jiru.”’”+

23 Yihowaan akkana jedha:

“Namni ogeessi ogummaa isaatti hin boonin;+

Namni jabaan jabina isaatti hin boonin;

Namni sooressis sooruma isaatti hin boonin.”+

24 “Kanaa mannaa inni boonu,

Waaʼee koo hubannaa fi beekumsa qabaachuu isaatti,+

Ani Yihowaan isa lafa irratti, jaalala amanamaa, haqaa fi qajeelummaa argisiisu taʼuu koo beekuu isaatti haa boonu,+

Sababiin isaas, ani wantoota kanatti nan gammada”+ jedha Yihowaan.

25 Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, guyyaan ani isa dhaqna qabate, garuu immoo dhugumaan dhaqna hin qabanne hundumaa,+ 26 jechuunis warra Gibxii,+ warra Yihudaa+ fi warra Edoom,+ Amoonotaa+ fi Moʼaabota,+ akkasumas warra rifeensi illee* isaanii haadamee fi lafa onaa keessa jiraatan hundumaa itti adabu ni dhufa;+ sababiin isaas, saboonni hundi dhaqna hin qabanne; guutummaan mana Israaʼelis garaan isaanii dhaqna hin qabamne.”+

10 Yaa mana Israaʼel, dubbii Yihowaan isin irratti dubbate dhagaʼaa. 2 Yihowaan akkana jedha:

“Daandii sabootaa hin baratinaa,+

Saboonni waan isaan sodaataniif,

Mallattoowwan samiitiin kan kaʼe hin sodaatinaa.+

 3 Sababiin isaas, barsiifanni sabootaa abjuu* dha.

Namni ogummaa harkaa qabu bosona keessaa muka muree

Meeshaa* isaatiin waaqa tolfamaa godhee isa tolcha.+

 4 Isaan meetii fi warqiidhaan isa miidhagsu,+

Akka hin kufneefis burruusaa fi mismaaraan isa rukutu.+

 5 Isaan akkuma wanta nama fakkaatuu fi sossodaachisuuf maasii buqqee dheedhii nyaatamu keessa dhaabamuutti dubbachuu hin dandaʼan;+

Isaan deemuu waan hin dandeenyeef baatamuu qabu.+

Miidhaa geessisuus taʼe

Wanta gaarii akkamii iyyuu gochuu waan hin dandeenyeef,+ isaan hin sodaatinaa.”

 6 Yaa Yihowaa, kan akka keetii hin jiru.+

Ati guddaa dha, maqaan kees guddaa fi jabaa dha.

 7 Yaa Mootii sabootaa,+ kan si hin sodaanne eenyu? Ati sodaatamuu qabda;

Sababiin isaas, ogeeyyii sabootaa hundumaa gidduudhaa, mootummoota isaanii hundumaa gidduudhaas,

Kan akka keetii tokko illee hin jiru.+

 8 Hundi isaanii hubannaa kan hin qabnee fi gowwoota dha.+

Barumsi muka irraa argamu abjuu* qofa dha.+

 9 Saaniiwwan meetii Tarshiish+ irraa, warqiinis Uufaaz irraa ni fidama,

Isaan hojii ogeessa harkaa, hojii namni sibiila tumu tolchu dha.

Uffanni isaanii foʼaa bifa cuquliisaa fi suufii bifa dhiilgee ti.

Hundi isaanii namoota dandeettii qabaniin kan tolfamani dha.

10 Yihowaan garuu dhugumaan Waaqa dha.

Inni Waaqa jiraataa+ fi Mootii bara baraa ti.+

Dheekkamsa isaatiin kan kaʼe lafti ni kirkirti,+

Sabni balaaleffannaa isaa dura dhaabbatus hin jiraatu.

11 * Akkana isaaniin jedhaa:

“Waaqoliin warri samiiwwanii fi lafa hin tolchine,

Lafa irraa, samiiwwan kana jalaas ni badu.”+

12 Inni isa humna isaatiin lafa tolche,

Isa ogummaa isaatiin dachee oomisha kennitu hundeessee+ fi

Hubannaa isaatiin samiiwwan diriirse dha.+

13 Sagalee isaa yommuu dhageessisu,

Bishaanonni samiiwwan keessa jiran ni jeeqamu,+

Inni duumessoonni* andaara lafaatii akka ol baʼan ni godha.+

Bokkaadhaaf bakakkaa* ni qopheessa,

Manneen kuusaa isaa keessaas bubbee ni baasa.+

14 Namni hundi hubannaa fi beekumsa hin qabu.

Namni sibiila tumu hundi fakkii bocameen kan kaʼe ni qaanaʼa;+

Sababiin isaas, fakkiin isaa inni sibiila irraa tolfame* soba dha,

Hafuurris fakkiiwwan kana keessa hin jiru.+

15 Isaan abjuu* fi hojii itti qoosamu dha.+

Guyyaan itti qorataman yommuu dhufu ni badu.

16 Qoodni Yaaqoob akka wantoota kanaa miti,

Sababiin isaas, inni isa wanta hundumaa tolche dha,

Israaʼelis ulee dhaala isaa ti.+

Maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.+

17 Yaa dubartii marfamtee jirtu nana,

Miʼa kee lafa irraa walitti qabadhu.

18 Yihowaan akkana jedha:

“Kunoo, ani yeroo kanatti jiraattota sana biyyattii keessaa nan darbadha,*+

Akka dhiphatanis nan godha.”

19 Caba kootiin kan kaʼe anaaf wayyoo!+

Madaan koo kan hin fayyine dha.

Akkana nan jedhe: “Dhugumaan dhukkubni koo kana dha, anis dandaʼuun qaba.

20 Dunkaanni koo diigameera, funyoowwan dunkaanaa koo hundis ciccitaniiru.+

Ilmaan koo na dhiisaniiru, hin jiranis.+

Namni dunkaana koo diriirsuuf yookiin huccuuwwan dunkaanaa koo ol kaasuuf hafe tokko illee hin jiru.

21 Sababiin isaas, tiksitoonni hubannaa hin qaban,+

Yihowaas hin gaafanne.+

Isaan hubannaadhaan tarkaanfii kan hin fudhanne kanaafi,

Bushaayeewwan isaanii hundis bittinnaaʼaniiru.”+

22 Dhagaʼaa! Oduun tokko dhufaa jira!

Magaalota Yihudaa onsuuf, holqa sardiidotaa gochuufis,+

Wacni guddaan tokko biyya kaabaa irraa dhufaa jira.+

23 Yaa Yihowaa, daandiin namaa aangoo isaa jala akka hin jirre akka gaariitti nan beeka.

Yommuu deemus ofii isaatiin tarkaanfii isaa illee qajeelchuu hin dandaʼu.+

24 Yaa Yihowaa, haqaan na sirreessi,

Garuu guutummaatti akka na hin balleessineef,+ dheekkamsa keetiin hin taʼin.+

25 Saboota si hin beekne irratti,

Maatiiwwan maqaa kee hin waammanne irrattis dheekkamsa kee dhangalaasi.+

Sababiin isaas, isaan Yaaqoobiin nyaataniiru,+

Eeyyee, hamma guutummaatti isa balleessanitti isa nyaataniiru,+

Biyya isaas onsaniiru.+

11 Dubbiin Yihowaa biraa gara Ermiyaas dhufe isa kana: 2 “Yaa namoota nana, dubbii kakuu kana dhagaʼaa!

“Atis* dubbicha namoota Yihudaa fi jiraattota Yerusaalemitti dubbadhu; 3 akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Namni dubbii kakuu kanaaf hin ajajamne abaaramaa dha;+ 4 kunis dubbii ani guyyaan biyya Gibxii keessaa,+ jechuunis iddoo ibiddaa sibiila itti baqsan keessaa isaan baasetti+ akkana jedhee abbootii keessan ajaje dha: ‘Sagalee kootiif ajajamaa; wantan isin ajaju hundumaa raawwadhaa; isin saba koo ni taatu, anis Waaqa keessan nan taʼa;+ 5 kunis akkuma harʼa taʼetti kakaa isan biyya aannanii fi damma maddisiistu abbootii keessaniif kennuuf kakadhe akkan raawwadhuufi.’”’”+

Anis “Ameen,* yaa Yihowaa” jedheen deebise.

6 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Magaalota Yihudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti dubbii kana hundumaa labsi: ‘Dubbii kakuu kana dhagaʼaa, raawwadhaas. 7 Guyyaan biyya Gibxii keessaa isaan baase irraa jalqabee hamma harʼaatti irra deddeebiʼee,* “Sagalee kootiif ajajamaa” jedhee abbootii keessan cimsee akeekkachiiseera.+ 8 Isaan garuu hin dhageenye yookiin gurra isaanii natti hin qabne; kanaa mannaa, tokkoon tokkoon isaanii didaa taʼuudhaan garaa isaanii isa hamaa duukaa buʼuu isaanii itti fufan.+ Kanaafuu, dubbii kakuu isan akka raawwatan isaan ajajee fi isaan raawwachuu didan kana hundumaa isaan irratti nan fide.’”

9 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Namoota Yihudaa fi jiraattota Yerusaalem gidduutti dabni qopheeffame tokko jira. 10 Isaan gara balleessaa abbootii isaanii warra durii, warra dubbii kootiif ajajamuu didan sanaatti deebiʼaniiru.+ Isaanis waaqolii kan biroo duukaa buʼanii isaan tajaajilan.+ Manni Israaʼelii fi manni Yihudaa kakuu koo isan abbootii isaanii wajjin gale ni cabsan.+ 11 Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani badiisa isaan jalaa ooluu hin dandeenye isaanitti nan fida.+ Gargaarsa argachuuf yommuu na waammatan, ani isaan hin dhagaʼu.+ 12 Magaalonni Yihudaa fi jiraattonni Yerusaalem gara waaqolii aarsaawwan* dhiheessaafii jiranitti deemanii gargaarsaaf isaanitti ni iyyatu;+ haa taʼu malee, yeroo badiisni isaan irra gaʼu waaqoliin kun matumaa isaan oolchuu hin dandaʼan. 13 Yaa Yihudaa, waaqoliin kee akkuma magaalota keetii hedduu taʼaniiru; isin wanta* nama qaanessuuf, jechuunis Baʼaaliif aarsaa dhiheessuuf iddoowwan aarsaa akkuma daandiiwwan Yerusaalem keessa jiraniitti hedduu taʼan dhaabdaniittu.’+

14 “Ati* garuu saba kanaaf hin kadhatin. Ani badiisa isaan irra gaʼuun kan kaʼe yommuu na waammatan waanan hin dhageenyeef, isaaniif jettee gara kootti hin iyyin yookiin isaaniif hin kadhatin.+

15 Namoonni hedduun yaada hamminaa isaanii utuma raawwatanii

Sabni ani jaalladhu kun mana koo keessa taʼuuf mirga maalii qaba?

Isaan foon qulqulluu* dhiheessuudhaan badiisa si irratti dhufu hambisuu dandaʼuu?

Ati yeroo sanatti ni gammaddaa?

16 Yeroo tokko Yihowaan muka ejersaa* lalisaa,

Firii gaariidhaan miidhage jedhee si waamee ture.

Inni sagalee guddaadhaan ibiddaan ishii ni gube,

Isaanis dameewwan ishii ni caccabsan.

17 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa inni si dhaabe+ hammina mana Israaʼelii fi mana Yihudaa warra Baʼaaliif aarsaa dhiheessuudhaan na dheekkamsiisaniin kan kaʼe badiisni akka sitti dhufu dubbateera.”+

18 Akkan beekuuf Yihowaan natti himeera;

Yeroo sanatti ati wanta isaan gochaa turan akkan argu ni goote.

19 Ani akkuma xobbaallaa hoolaa garraamii qalmaaf geeffamaa jirtuu nan taʼe.

Isaan akkana jedhanii na irratti daba qopheessaa akka turan hin beekne:+

“Kottaa, mukicha firii isaa wajjin haa balleessinu,

Kana booda maqaan isaa akka hin yaadatamneef,

Biyya warra jiraatoo keessaa isa haa murru.”

20 Yihowaan Gooftaan Raayyaa garuu qajeelummaadhaan murtii kenna;

Inni yaada keessa namaa jiruu* fi garaa namaa ni qora.+

Dhimma seeraa koo sitti waanan kennadheef,

Haaloo isaan irratti baatu natti argisiisi.

21 Kanaafuu, Yihowaan namoota Anaatot+ warra lubbuu kee balleessuu barbaadanii* fi “Maqaa Yihowaatiin raajii hin dubbatin;+ taʼuu baannaan garuu, harka keenya irratti duuta” siin jedhan ilaalchisee akkana jedha; 22 kanaafuu, Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Kunoo, ani isaan adabuufan jedha. Dargaggoonni goraadeedhaan, ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa isaaniis beelaan ni dhumu.+ 23 Bara isaan adabamanitti ani namoota Anaatot+ irratti badiisa waanan fiduuf, isaan keessaa namni tokko illee hin hafu.”

12 Yaa Yihowaa, yommuun komii koo sitti dhiheeffadhu,

Yommuun waaʼee dhimma haqaa sitti dubbadhu ati qajeelaa dha.+

Garuu daandiin hamootaa milkaaʼina kan argatu,+

Gantoonnis yaaddoo malee kan jiraatan maaliifi?

 2 Ati isaan ni dhaabde, isaanis hidda godhatan.

Guddataniis firii godhatan.

Isaan yeroo hunda waaʼee kee ni dubbatu, yaanni keessa isaanii jiru* garuu si irraa fagoo dha.+

 3 Yaa Yihowaa, ati garuu akka gaariitti na beekta,+ na argitas;

Ati garaa koo qortee sii wajjin tokkummaa akka qabu hubatteetta.+

Akkuma hoolota qalamuuf jedhaniitti kophaatti isaan baasi,

Guyyaa ajjeechaatiifis adda isaan baasi.

 4 Biyyattiin kan coolligdu,

Biqiltuun dirree hundumaa keessa jirus kan gogu hamma yoomiitti?+

Hammina namoota ishii keessa jiraataniitiin kan kaʼe

Bineensonnii fi simbirroonni haxaaʼamanii balleeffamaniiru.

Sababiin isaas isaan, “Inni wanta nu irra gaʼu hin argu” jedhaniiru.

 5 Ati namoota lafoo wajjin fiigdee yoo dadhabde,

Abbootii fardeenii wajjin akkamitti dorgomuu dandeessa?+

Biyya nagaa keessatti tasgabbiin sitti dhagaʼama taʼa,

Garuu tusii gobbuu Yordaanos qarqaratti argamu keessatti akkam taata?

 6 Sababiin isaas, obboloonni kee, warri maatii abbaa keetii taʼan illee

Si gananiiru.+

Isaan sagalee ol kaasanii sitti iyyaniiru.

Wanta gaarii yoo sitti dubbatan illee,

Isaan hin amanin.

 7 “Ani mana koo dhiiseera;+ dhaala koo gatee deemeera.+

Ishiin baayʼee jaalladhu* sana harka diinota ishiitti dabarsee kenneera.+

 8 Dhaalli koo akkuma leenca bosona keessa jiruu natti taate.

Na irratti baroodde.

Kanaafuu, ishii nan jibbe.

 9 Dhaalli koo anaaf akkuma allaattii adamsitee nyaattuu fi halluu adda addaa* qabduu ti;

Allaattiiwwan adamsanii nyaatan kaan itti marsanii ishii miidhu.+

Isin bineensonni hundi kottaa walitti qabamaa,

Kottaatii nyaadhaa.+

10 Tiksitoonni hedduun maasii wayinii koo balleessaniiru;+

Lafa gaʼee koo taʼe dhidhiitaniiru.+

Lafa gaʼee kootii isa bareedu gara lafa onaatti jijjiiraniiru.

11 Inni gammoojjii taʼeera.

Akkasumas coolligeera;*

Na duratti ona taʼeera.+

Guutummaan biyyattii ona taateetti,

Garuu namni tokko illee kana hin hubanne.+

12 Goraadeen Yihowaa andaara biyyattii isa tokko irraa hamma isa kan biraatti nyaachaa waan jiruuf,

Warri badiisa geessisan sun lafa onaa keessa darbanii karaawwan dullooman hundumaa irra buʼanii dhufaniiru.+

Eenyu* iyyuu nagaa hin qabu.

13 Isaan qamadii facaasan, garuu qoree galfatan.+

Of ni dadhabsan, garuu buʼaa hin arganne.

Dheekkamsa Yihowaa isa bobaʼuun kan kaʼe

Oomisha isaaniitti ni qaanaʼu.”

14 Yihowaan olloota koo warra hamoo, warra dhaala isan sabni koo Israaʼel akka dhaalu godhe tuqan sana hundumaa+ ilaalchisee akkana jedha: “Kunoo, lafa isaanii irraa isaan nan buqqisa;+ mana Yihudaas isaan gidduudhaa nan buqqisa. 15 Haa taʼu malee, ergan isaan buqqisee booda, deebisee gara laafina isaanitti nan argisiisa; tokkoon tokkoon isaaniis gara dhaala isaaniittii fi gara lafa isaaniitti nan deebisa.”

16 “Isaan akkuma saba koo maqaa Baʼaaliin kakachuu barsiisanii turanitti, daandii saba kootii yoo baratanii fi ‘Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha!’ jedhanii maqaa kootiin yoo kakatan, saba koo gidduutti ni dhaabamu. 17 Yoo ajajamuu didan garuu, saba sana guutummaatti nan buqqisa, nan balleessas” jedha Yihowaan.+

13 Yihowaan, “Dhaqi, qabattoo quncee talbaa irraa tolfame bitadhuutii mudhiitti hidhadhu; garuu bishaan keessa hin cuuphin” naan jedhe. 2 Kanaafuu, ani akkuma dubbii Yihowaatti qabattoo bitee mudhiitti nan hidhadhe. 3 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu yeroo lammaffaadhaaf gara koo ni dhufe: 4 “Qabattoo bittee hidhatte sana fuudhiitii kaʼi; gara Efraaxis dhaqiitii baqaqaa kattaa keessa jiru tokko keessa isa dhoksi.” 5 Kanaafuu, akkuma Yihowaan na ajajetti dhaqeen Efraaxis biratti isa dhokse.

6 Guyyoota hedduu booda garuu Yihowaan, “Kaʼi, gara Efraaxis dhaqiitii qabattoo akka dhoksitu ani si ajaje sana achii fuudhi” naan jedhe. 7 Kanaafuu, ani gara Efraaxis dhaqee qabattoo sana bakkan dhoksee ture keessaa qotee nan baase; qabattoon sun akka mancaʼes nan hubadhe; guutummaatti faayidaadhaa ala taʼee ture.

8 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 9 “Yihowaan akkana jedha: ‘Haaluma wal fakkaatuun, anis of tuulummaa Yihudaa fi of tuulummaa cimaa Yerusaalem nan balleessa.+ 10 Sabni hamaan dubbii kootiif ajajamuu didanii+ mata jabinaan garaa isaanii duukaa buʼan+ warri waaqolii kan biroo hordofan, isaan tajaajilanii fi isaaniif sagadan kunis akkuma qabattoo isa guutummaatti faayidaadhaa ala taʼe sanaa ni taʼu.’ 11 Yihowaan akkana jedha: ‘Akkuma qabattoon mudhii namaatti maxxanu, anis guutummaan mana Israaʼelii fi guutummaan mana Yihudaa akka natti maxxanu nan godhe; kunis, isaan anaaf saba,+ maqaa,+ ulfinaa fi wanta bareedaa akka taʼaniifi. Isaan garuu hin ajajamne.’+

12 “Ergaa kanas isaanitti himi: ‘Yihowaan Waaqni Israaʼel, “Gaaniin hundi daadhii wayiniitiin ni guutama” jedha.’ Isaanis, ‘Nuti gaaniin hundi daadhii wayiniitiin akka guutamu hin beeknuu?’ jedhanii siif deebisu. 13 Achiis akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, ani jiraattota biyya kanaa hundumaa, mootota teessoo Daawit irra taaʼan, luboota, raajotaa fi jiraattota Yerusaalem hundumaa nan macheessa.+ 14 Isa tokko isa kan biraatti, abbootaa fi ilmaanis walitti rukutee nan caccabsa.+ Gara laafina isaanitti hin argisiisu yookiin isaaniif hin gaddu yookiin araara akkamii iyyuu isaanitti hin argisiisu; isaan balleessuu irraa wanti na dhowwus hin jiraatu” jedha Yihowaan.’+

15 Dhagaʼaa, xiyyeeffannaas kennaa.

Of hin tuulinaa, Yihowaan dubbateera.

16 Dukkana fiduu isaa dura,

Miilli keessanis dimimmisa keessa gaarota irratti gufachuu isaa dura,

Waaqa keessan Yihowaadhaaf ulfina kennaa.

Isin ifa akka argattan abdattu,

Inni garuu gaaddisa cimaa fida;

Gara dukkana cimaattis isa ni jijjiira.+

17 Isin dhagaʼuu yoo diddan,

Ani of tuulummaa keessaniin kan kaʼe dhoksaatti nan booʼa.

Hoolonni Yihowaa+ boojuudhaan waan fudhatamaniif,

Imimmaan hedduu nan dhangalaasa, ijji koos imimmaan ni lolaasa.+

18 ‘Gonfoon keessan inni bareedaan mataa keessan irraa waan kufuuf,

Iddoo gad aanaa taaʼaa’ jedhiitii mootichattii fi haadha mootichaatti*+ himi.

19 Magaalonni kibbaa cufamaniiru,* kan isaan banus hin jiru.

Guutummaan Yihudaa boojuudhaan fudhatameera, eeyyee, guutummaatti boojiʼameera.+

20 Ol jedhiitii warra kaaba irraa dhufaa jiran ilaali.+

Bushaayeen siif kenname, hoolonni kee warri babbareedoon sun eessa jiru?+

21 Michoota kee warra sitti dhihaatan warra jalqabumaa kaastee michoomfatte irraa

Adabni kee yommuu dhufu maal jetta?+

Akkuma dubartii daʼuuf jettuutti ciniinsuun si hin qabuu?+

22 Ati garaa keetti, ‘Wantoonni kun kan na irra gaʼan maaliifi?’ jettee yoo yaadde,+

Qamisiin kee si irraa kan baafame,+

Koomeen kees akka malee kan miidhame balleessaa cimaa raawwatteen kan kaʼe dha.

23 Namni Kuush* bifa isaa, qeerransi hoo buburrina isaa jijjiiruu ni dandaʼaa?+

Taanaan, isin warri wanta hamaa gochuuf leenjitanis

Wanta gaarii gochuu ni dandeessu jechuu dha.

24 Kanaafuu, ani akkuma citaa bubbee gammoojjiitiin fudhatamuutti isaan nan bittinneessa.+

25 Carraan kee, gaʼeen ani siif kaaʼe isa kana” jedha Yihowaan,

“Sababiin isaas, ati na irraanfatteetta,+ sobattis ni amanamta.+

26 Kanaafuu, ani qamisii kee soqolee fuula keetti nan haguuga,

Qaaniin kees ni mulʼata.+

27 Ejji raawwattee+ fi kajeellaadhaan himimsuun kee,

Sagaagalummaan kee inni balfamaanis* ni mulʼata.

Ani tabbawwan irrattii fi dirree keessatti,

Amala kee isa jibbisiisaa argeera.+

Yaa Yerusaalem, siif wayyoo!

Hamma yoomiitti akka xurooftetti jiraatta?”+

14 Ongee ilaalchisee dubbiin Yihowaa inni gara Ermiyaas dhufe isa kana:+

 2 Yihudaan gadditeetti,+ karrawwan ishiis diigamaniiru.

Isaan gaddanii lafa keessa lixu,

Iyyi tokkos Yerusaalem keessaa ol ni baʼa.

 3 Gooftoliin isaanii bishaan akka isaaniif waraabaniif tajaajiltoota isaanii* ni ergatu.

Isaan gara boollawwan* bishaanii ni deemu, garuu bishaan hin argatan.

Miʼa duwwaa qabatanii deebiʼu.

Ni qaanaʼu, ni gaddu,

Mataa isaaniis ni haguuggatu.

 4 Biyyattii keessaa bokkaan dhabamuu isaatiin kan kaʼe

Lafti waan babbaqaqeef,+

Qonnaan bultoonni ni dhiphatu, mataa isaaniis ni haguuggatu.

 5 Margi dhabamuu isaatiin kan kaʼe,

Gadamsi dhaltuun illee ilmoo ishii ishii reefuu dhalatte dhiistee deemti.

 6 Harroonni bosonaa tabba duwwaa taʼe irra ni dhaabbatu.

Isaan akkuma sardiidotaatti qilleensa argachuuf ni harganu;

Biqiltuun waan hin jirreef ijji isaanii ilaaluu dadhaba.+

 7 Balleessaan keenya kan nu irratti ragaa baʼu taʼus,

Yaa Yihowaa, maqaa keetiif jedhiitii tarkaanfii fudhadhu.+

Yeroo baayʼee amanamoo utuu hin taʼin hafneerra,+

Cubbuu kan hojjenne si irratti dha.

 8 Yeroo dhiphinaatti fayyisaa isaa+ kan taate yaa abdii Israaʼel,

Akka keessummaa biyyattii keessa jiruu,

Akka imaltuu halkanuma tokko buluuf goree kan taate maaliifi?

 9 Ati akka nama naʼee,

Akka nama jabaa isa oolchuu hin dandeenyees kan taate maaliifi?

Yaa Yihowaa, ati nu gidduu jirta,+

Nutis maqaa keetiin waamamneerra.+

Nu hin dhiisin.

10 Yihowaan saba kana ilaalchisee akkana jedha: “Isaan asii fi achi jooruu jaallatu;+ miila isaanii hin sassaabbanne.+ Kanaafuu, Yihowaan isaanitti hin gammadu.+ Inni dogoggora isaanii ni yaadata; cubbuu isaaniitiifis isaan ni gaafata.”+

11 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Saba kanaaf wanti gaariin akka dhufu hin kadhatin.+ 12 Ani goraadeedhaan, beelaa fi golfaadhaan* waanan isaan balleessuuf,+ yommuu sooman kadhannaa isaanii hin dhagaʼu;+ aarsaawwan guutummaatti gubamanii fi aarsaawwan midhaanii yommuu dhiheessan ani isaanitti hin gammadu.”+

13 Anis yeroo kanatti akkana nan jedhe: “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, wayyoo! Kunoo, raajonni, ‘Isin goraadee hin argitan; beellis isinitti hin dhufu; kanaa mannaa, iddoo kanatti nagaa dhugaa isiniif nan kenna’ isaaniin jechaa jiru.”+

14 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Raajonni maqaa kootiin raajii sobaa dubbachaa jiru.+ Ani isaan hin ergine yookiin isaan hin ajajne yookiin isaanitti hin dubbanne.+ Raajiin isinitti dubbachaa jiran mulʼata sobaa, hooda gatii hin qabnee fi gowwoomsaa garaa isaanii keessaa maddu dha.+ 15 Kanaafuu, kanan isaan hin ergine taʼus, raajota maqaa kootiin raajii dubbatan, warra goraadeen yookiin beelli biyya kanatti hin dhufu jedhan sana ilaalchisee Yihowaan akkana jedha: ‘Raajonni sun goraadee fi beelaan ni balleeffamu.+ 16 Namoonni isaan raajii dubbachaafii turan sunis beelaa fi goraadeedhaan kan kaʼe daandiiwwan Yerusaalem irratti ni gatamu; isaaniinis taʼe haadhotii manaa isaanii, ijoollee dhiiraa yookiin ijoollee durbaa isaanii kan awwaalu hin jiraatu;+ sababiin isaas, ani badiisa isaaniif malu isaan irratti nan fida.’+

17 “Dubbii kana isaanitti dubbadhu:

‘Intalli saba kootii ishiin durba taate madaa baayʼee cimaa taʼeen,

Guutummaatti waan daakamtee fi waan caccabdeef,+

Ijji koo halkanii fi guyyaa imimmaan haa lolaasu, addaanis hin kutin.+

18 Ani gara dirreetti baʼee yoon ilaale,

Warra goraadeedhaan ajjeefaman nan arga!+

Gara magaalattiitti yoon seenes,

Dhukkuba sababa beelaatiin dhufe nan arga!+

Raajichis taʼe lubichi biyya hin beekne keessa asii fi achi jooraniiru.’”+

19 Ati guutummaatti Yihudaa dhiisteettaa? Xiyooniin hoo jibbiteettaa?+

Hamma fayyuu dadhabnutti kan nu rukutte maaliifi?+

Nagaa arganna jennee abdanne, garuu wanti gaariin hin dhufne,

Yeroon fayyinaa ni dhufa jennee abdanne, garuu jeequmsatu taʼe!+

20 Yaa Yihowaa, hammina keenya,

Balleessaa abbootii keenyaas amanneerra,

Sababiin isaas, nuti si irratti cubbuu hojjenneerra.+

21 Maqaa keetiif jedhiitii nu hin dhiisin;+

Teessoo kee isa ulfina qabeessa taʼe hin tuffatin.

Kakuu nuu wajjin galte yaadadhu, hin cabsinis.+

22 Waaqolii tolfamoo sabootaa warra gatii hin qabne keessaa bokkaa roobsuu kan dandaʼu jiraa?

Samiiwwan illee ofii isaaniitiin bokkaa roobsuu ni dandaʼuu?

Waaqa keenya kan taate yaa Yihowaa, kana gochuu kan dandaʼu si qofa mitii?+

Wantoota kana hundumaa kan raawwate si qofa waan taʼeef,

Nuti si abdanna.

15 Yihowaan akkana naan jedhe: “Museenii fi Saamuʼel na dura yoo dhaabbatan illee,+ ani saba kanatti gara laafina hin argisiisu.* Ana duraa isaan ariʼi. Haa deeman. 2 ‘Eessa deemna?’ jedhanii yoo si gaafatan immoo, akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha:

“Namni dhaʼichaan duʼuu qabu kam iyyuu, dhaʼichaan haa duʼu!

Namni goraadeedhaan duʼuu qabu kam iyyuu, goraadeedhaan haa duʼu!+

Namni beelaan duʼuu qabu kam iyyuu, beelaan haa duʼu!

Namni boojuudhaan fudhatamuu qabu kam iyyuus, haa boojiʼamu!”’+

3 “Yihowaan akkana jedha: ‘Balaawwan afur* isaan irratti nan ajaja;+ akka ajjeesuuf goraadee, harkisanii akka gataniif saroota, akkasumas akka nyaatanii fi akka balleessaniif allaattiiwwan samii fi bineensota lafaa nan ajaja.+ 4 Wanta Minaaseen ilmi Hisqiyaas mootiin Yihudaa Yerusaalem keessatti raawwateen kan kaʼe,+ isaan mootummoota lafaa hundumaa biratti wanta nama sodaachisu akka taʼan nan godha.+

 5 Yaa Yerusaalem, eenyutu gara laafina sitti argisiisa?

Eenyutu siif gadda?

Eenyutu waaʼee nageenya keetii gaafachuuf sitti gora?’

 6 ‘Ati na dhiisteetta’ jedha Yihowaan.+

‘Amma iyyuu akkuma na irraa garagaltetti* jirta.+

Kanaafuu, harka koo si irratti diriirsee sin balleessa.+

Siif gadduun* na nuffisiiseera.

 7 Karrawwan biyyattii irratti qoorbiidhaan* isaan nan qulqulleessa.

Dhala malee isaan nan hambisa.+

Sabni koo daandiiwwan isaanii irraa deebiʼuu waan didaniif,

Ani isaan nan balleessa.+

 8 Dubartoonni isaanii warri abbaan manaa irraa duʼe ana duratti cirracha qarqara galaanaa caalaa hedduu ni taʼu.

Ani guyyaa saafaa isaan irratti, jechuunis haadhotii fi dargaggoota irratti isa badiisa geessisu sana nan fida.

Akkuma tasaas naasuu fi jeequmsa isaan irratti nan fida.

 9 Dubartiin ijoollee torba deesse gaggabdeetti;

Hafuura baafachuuf wixxifachaa jirti.

Aduun ishii guyyumaan lixxeetti,

Qaanii fi salphinas fiddeetti.’*

‘Anis namoota muraasa warra isaan irraa hafan sana,

Diinota isaanii duratti goraadeetti dabarsee nan kenna’ jedha Yihowaan.”+

10 Yaa haadha tiyya, ati ana

Isa guutummaa biyyattii keessatti walitti buʼiinsaa fi lolaaf sababa taʼe waan deesseef, anaaf wayyoo!+

Ani hin liqeessine, hin liqeeffannes;

Taʼus, hundi isaanii na abaaru.

11 Yihowaan akkana jedheera: “Ani dhugumaan si gargaaruuf sin tajaajila;

Ani dhugumaan yeroo rakkinaatti,

Yeroo diina irraa dhiphinni si irra gaʼutti gidduu nan seena.

12 Namni sibiila,

Sibiila kaaba irraa dhufuu fi sibiila diimaa caccabsuu dandaʼu jiraa?

13 Cubbuu guutummaa naannoowwan keetti raawwatte hundumaatiin kan kaʼe,

Qabeenyi kee fi badhaadhinni kee gatii malee akka saamamu nan godha.+

14 Ani diinota keetiif isaan nan kenna,

Isaanis gara biyya ati hin beeknetti isaan geessu.+

Sababiin isaas, dheekkamsa kootiin ibiddi qabsiifameera,

Isin irrattis bobaʼaa jira.”+

15 Yaa Yihowaa, situ beeka,

Na yaadadhu, xiyyeeffannaas naaf kenni.

Warra na ariʼatan irratti haaloo naaf baʼi.+

Aariidhaaf suuta kan jettu taʼuu keetiin kan kaʼe akkan badu hin heyyamin.*

Arrabsoon kun kan na irra gaʼe sababa keetiin taʼuu isaa beeki.+

16 Dubbiin kee ni argame, anis nan nyaadhe;+

Yaa Yihowaa Waaqa Raayyaa, maqaa keetiin waanan waamameef,

Dubbiin kee wanta garaa kootiif gammachuu fi ililcha argamsiisu naaf taʼeera.

17 Namoota bashannana jaallatan gidduu taaʼuun na hin gammachiisu.+

Harki kee ana irra waan jiruuf, ani kophaan taaʼa,

Sababiin isaas, ati dheekkamsaan* na guutteetta.+

18 Dhiphinni koo cimaa, madaan koos kan hin fayyine kan taʼe maaliifi?

Inni fayyuu ni dide.

Ati akkuma madda bishaanii goggogee fi

Amansiisaa hin taanee natti taataa?

19 Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha:

“Ati yoo deebite, ani iddootti sin deebisa,

Atis na dura ni dhaabbatta.

Ati wanta gatii guddaa qabu wanta gatii hin qabne irraa yoo addaan baaste,

Akkuma afaan kootii* ni taata.

Isaantu gara keetti deebiʼa malee,

Ati gara isaaniitti hin deebitu.”

20 “Ani saba kanaaf akkuma dallaa sibiila diimaa cimaa taʼee sin godha.+

Isaan dhugumaan siin ni lolu,

Garuu si hin moʼan,+

Sababiin isaas, ani si oolchuu fi si baraaruuf sii wajjinan jira” jedha Yihowaan.

21 “Ani harka hamootaa jalaa sin oolcha,

Barruu namoota gara jabeeyyii jalaas sin fura.”

16 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Ati iddoo kanatti haadha manaa hin fuudhin, ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas hin dhalchin. 3 Sababiin isaas, Yihowaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa bakka kanatti dhalatan, haadhotii isaanii warra biyya kanatti isaan daʼanii fi abbootii isaanii warra isaan dhalchan ilaalchisee akkana jedha: 4 ‘Isaan dhukkuba cimaadhaan ni duʼu;+ garuu namni isaaniif gaddu yookiin namni isaan awwaalu hin jiraatu; lafa irratti akkuma dikee ni taʼu.+ Goraadee fi beelaan ni dhumu;+ reeffi isaaniis allaattiiwwan samii fi bineensota lafaatiif nyaata ni taʼa.’

 5 Yihowaan akkana jedha:

‘Gara mana warra gaddaatiif nyaanni itti dhihaatutti hin seenin,

Booʼuuf yookiin isaan jajjabeessuufis hin deemin.’+

Yihowaan akkana jedha: ‘Sababiin isaas, ani nagaa koo,

Jaalala koo isa amanamaa fi gara laafina koo namoota kana irraa kaaseera.+

 6 Inni guddaanis taʼe inni xinnaan biyya kana keessatti ni duʼa.

Isaan hin awwaalaman,

Namni isaaniif gaddus hin jiraatu,

Namni isaaniif jedhee of mummurus taʼe mataa isaa haaddatu hin jiraatu.*

 7 Warra namni jalaa duʼe jajjabeessuuf,

Namoota gadda irra jiraniif nyaata kan qopheessu hin jiraatu;

Warri abbaan yookiin haati jalaa duʼan akka dhuganiif

Namni xoofoo jajjabinaa isaaniif kennu tokko illee hin jiraatu.

 8 Isaanii wajjin teessee nyaachuu fi dhuguuf,

Gara mana affeerraatti hin seenin.’

9 “Sababiin isaas, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Kunoo, iddoo kanatti, bara keessanitti ijuma keessan duratti ani sagalee gammachuu fi sagalee ililchuu, sagalee misirrichaa fi sagalee misirrittii nan callisiisa.’+

10 “Yommuu ati dubbii kana hundumaa saba kanatti himtu isaan immoo, ‘Yihowaan rakkinni guddaan kun hundi akka nu irra gaʼu kan dubbate maaliifi? Waaqa keenya Yihowaa irratti balleessaa fi cubbuu akkamii raawwanne?’ jedhanii si gaafatu.+ 11 Akkana jedhii isaaniif deebisi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Kun kan taʼe, abbootiin keessan waan na dhiisaniif,+ waaqolii kan biroo duukaa waan buʼaniif, waan isaan tajaajilanii fi waan isaaniif sagadaniifi.+ Isaan na dhiisaniiru, seera koos hin eegne.+ 12 Isin wanta abbootiin keessan raawwatan caalaa hamaa taʼe raawwattaniittu;+ tokkoon tokkoon keessan naaf ajajamuu mannaa, garaa keessan isa didaa fi hamaa taʼe duukaa ni buutu.+ 13 Kanaafuu, ani biyya kana keessaa isin baasee biyya isinis taatan abbootiin keessan hin beeknetti isin nan gata;+ achitti isin waaqolii kan biroo halkanii guyyaa tajaajiluuf dirqamtu;+ sababiin isaas, ani gara laafina isinitti hin argisiisu.”’

14 “Yihowaan akkana jedha: ‘Haa taʼu malee, kana booda guyyaan isaan, “Yihowaa isa jiraataa taʼe, isa saba Israaʼel biyya Gibxii keessaa baaseen nan kakadha!” itti hin jenne ni dhufa;+ 15 kanaa mannaa isaan, “Yihowaa isa jiraataa taʼe, isa saba Israaʼeliin biyya kaabaa fi biyyoota itti isaan faffacaasee ture hundumaa keessaa baasee fideen nan kakadha!” jedhu; anis gara biyya isaanii isan abbootii isaaniitiif kennetti isaan nan deebisa.’+

16 Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, namoota qurxummii kiyyeessan hedduu nan waama,

Isaanis isaan ni kiyyeessu.

Sana booda adamsitoota hedduu nan waama,

Isaanis gaaraa fi tabba hundumaa irratti,

Baqaqaawwan kattaa keessattis adamsanii isaan qabatu.

17 Sababiin isaas, ijji koo wanta isaan raawwatan hundumaa ni arga.*

Isaan na duraa hin dhokanne,

Balleessaan isaaniis ija koo duraa hin dhokanne.

18 Jalqaba irratti, gatii guutuu balleessaa isaanii fi cubbuu isaaniitiif malu isaaniif nan deebisa;+

Sababiin isaas, isaan fakkiiwwan lubbuu hin qabne* kan waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼaniitiin biyya koo xureessaniiru,

Dhaala koos wantoota jibbisiisoo isaaniitiin guutaniiru.’”+

19 Jabina koo fi dahoo koo,

Guyyaa dhiphinaatti bakkan itti baqadhu kan taate yaa Yihowaa,+

Saboonni andaara lafaa irraa gara kee dhufanii,

“Abbootiin keenya wanta guutummaatti soba taʼe,

Wanta gatii hin qabnee fi wanta faayidaa hin qabne dhaalaniiru”+ jedhu.

20 Namni tokko waaqolii tolfachuu ni dandaʼaa?

Wantoonni inni tolfatu dhugumaan waaqolii miti.+

21 “Kanaafuu, ani isaan nan barsiisa,

Yeroo kanatti humna koo fi jabina koo akka beekan nan godha,

Isaanis maqaan koo Yihowaa akka taʼe dhugumaan ni beeku.”

17 “Cubbuun Yihudaa sibiila ittiin bocaniin barreeffameera.

Fiixee Almaaziitiin gabatee garaa isaanii irratti,

Gaanfota iddoowwan aarsaa isaanii irrattis bocameera;

 2 Ilmaan isaaniis iddoowwan aarsaa isaanii fi utubaawwan waaqeffannaa* isaanii

Warra muka lalisaa biratti,+ tabbawwan ol kaʼoo irratti argaman ni yaadatu;+

 3 Warra gaarota dirree keessatti argaman irra jiranis ni yaadatu.

Cubbuu naannoowwan kee hundumaa keessatti raawwatameen kan kaʼe, qabeenyi kee, badhaadhinni kee hundi,+

Eeyyee, iddoowwan kee warri ol kaʼoon akka saamaman nan godha.+

 4 Ati fedhuma keetiin dhaala kee isan siif kenne ni dhabda.+

Dheekkamsa koo akkuma ibiddaatti waan qabsiisteef,*+

Biyya ati hin beekne keessatti diinota kee akka tajaajiltu nan godha.+

Dheekkamsi koos yeroo hundumaatiif ni bobaʼa.”

 5 Yihowaan akkana jedha:

“Namni* namootatti amanamu,+

Humna namaa kan abdatu,*+

Garaan isaas Yihowaa irraa kan goru abaaramaa dha.

 6 Inni akka muka gammoojjii keessatti kophaa isaa jiruu ni taʼa.

Wanti gaariin yommuu dhufu hin argu,

Kanaa mannaa, lafa onaa keessatti iddoowwan goggogan keessa,

Biyya soogiddaa bakka eenyu iyyuu itti jiraachuu hin dandeenye keessa ni jiraata.

 7 Namni* Yihowaatti amanamu,

Yihowaa kan abdatus eebbifamaa dha.+

 8 Inni akkuma muka bishaan bira dhaabamee,

Hiddawwan isaa gara lagaatti erguu ni taʼa.

Yeroo hoʼi dhufu illee itti hin dhagaʼamu,

Kanaa mannaa, baalli isaa yeroo hunda ni lalisa.+

Bara ongeetti hin yaaddaʼu,

Firii godhachuu isaas hin dhiisu.

 9 Garaan namaa wanta kam iyyuu caalaa gantuu* dha, hamaa* dhas.+

Eenyutu isa beekuu dandaʼa?

10 Ani Yihowaan tokkoon tokkoon namaatiif akka daandii isaatti,

Akka firii hojii isaattis kennuuf,+

Garaa namaa nan ilaala,+

Yaada keessa namaa jirus* nan qora.

11 Akkuma gogorrii hanqaaquu hin hanqaaqne walitti qabduu,

Namni karaa sirrii hin taaneen* qabeenya argatus akkanuma dha.+

Qabeenyi kun walakkaa umurii isaatti isa dhiisee ni deema,

Dhuma irrattis inni nama hubannaa hin qabne taʼuun isaa ni beekama.”

12 Teessoon ulfina qabeessi inni jalqabaa kaasee ol qabame,

Bakka iddoo qulqulluu keenyaa ti.+

13 Abdii Israaʼel kan taate yaa Yihowaa,

Warri si dhiisan hundi ni qaanaʼu.

Warri si* ganan biyyoo irratti ni barreeffamu,+

Sababiin isaas, isaan Yihowaa isa madda bishaan jireenyaa taʼe dhiisaniiru.+

14 Yaa Yihowaa, na fayyisi, anis nan fayya.

Ani kanan jajadhu si waan taʼeef,

Na oolchi, anis nan oola.+

15 Kunoo, namoonni, “Dubbiin Yihowaa eessa jira?+

Maaloo haa dhufu!”

Naan jedhan jiru.

16 Ani garuu, tiksee taʼee si duukaa buʼuu irraa hin baqanne,

Guyyaan badiisaa akka dhufus hin hawwine.

Ati wanta afaan koo dubbate hundumaa akka gaariitti beekta;

Hundi isaas kan raawwatame si duratti dha!

17 Na hin naasisin.

Ati guyyaa rakkinaatti iddoon kooluu itti galu dha.

18 Warri na ariʼatan haa qaanaʼan,+

Ani akkan qaanaʼu garuu hin godhin.

Isaan haa jeeqaman,

Ani akkan jeeqamu garuu hin godhin.

Guyyaa rakkinaa isaanitti fidi,+

Isaan caccabsi, guutummaattis* isaan balleessi.

19 Yihowaan akkana naan jedheera: “Dhaqiitii karra ilmaan sabichaa isa mootonni Yihudaa ittiin seenanii fi ittiin baʼan irra, akkasumas karrawwan Yerusaalem hundumaa irra dhaabbadhu.+ 20 Akkanas isaaniin jedhi: ‘Isin mootonni Yihudaa, namoonni Yihudaa hundii fi jiraattonni Yerusaalem hundi warri karrawwan kanaan seentan dubbii Yihowaa dhagaʼaa. 21 Yihowaan akkana jedha: “Of* eeggadhaa, guyyaa Sanbataatti baʼaa akkamii iyyuu hin baatinaa yookiin karaa karrawwan Yerusaalem ol hin galchinaa.+ 22 Guyyaa Sanbataatti baʼaa akkamii iyyuu mana keessanii hin baasinaa; hojii akkamii iyyuus hin hojjetinaa.+ Akkuman abbootii keessan ajajetti, guyyaa Sanbataa qulqulluu godhaa eegaa.+ 23 Isaan garuu hin dhageenye yookiin xiyyeeffannaa* hin kennine; kanaa mannaa, mata* jabeeyyii taʼuudhaan ajajamuu yookiin adaba fudhachuu ni didan.”’+

24 “‘Yihowaan akkana jedha: “Haa taʼu malee, isin guutummaatti yoo naaf ajajamtan, guyyaa Sanbataatti karaa karrawwan magaalaa kanaa baʼaa akkamii iyyuu yoo galchuu baattan, akkasumas guyyaa kanatti hojii akkamii iyyuu hojjechuu dhiisuudhaan guyyaa Sanbataa qulqulluu gootanii yoo eegdan,+ 25 mootonnii fi bulchitoonni teessoo Daawit irra taaʼan+ karaa karrawwan magaalaa kanaa ol ni seenu; mootonni kunii fi bulchitoonni isaanii, gaariiwwan fardaa fi fardeen irra taaʼanii namoota Yihudaa fi jiraattota Yerusaalemii wajjin ol ni seenu;+ magaalaan kunis yeroo hundumaatiif bakka namni keessa jiraatu ni taati. 26 Namoonnis magaalota Yihudaa keessaa, iddoowwan naannoo Yerusaalemitti argaman keessaa, biyya Biiniyaam+ keessaa, gammoojjii keessaa,+ naannoo gaarotaa keessaa, akkasumas Negeeb* keessaa, aarsaawwan guutummaatti gubaman,+ aarsaawwan kaan,+ aarsaawwan midhaanii,+ ixaana adii fi aarsaawwan galataa gara mana Yihowaatti fidanii dhufu.+

27 “‘“Isin guyyaa Sanbataa qulqulluu gootanii eeguu dhiisuudhaan, guyyaa Sanbataatti baʼaawwan baachuudhaan, akkasumas karaa karrawwan Yerusaalem isaan galchuudhaan naaf ajajamuu yoo diddan garuu, ani karrawwan ishii ibiddaan nan guba; ibiddichis dhugumaan masaraawwan Yerusaalem warra ciccimoo ni nyaata,+ hin dhaamus.”’”+

18 Dubbiin Yihowaa biraa gara Ermiyaas dhufe isa kana: 2 “Kaʼiitii gara mana suphe dhooftuu sanaatti gad buʼi;+ anis achitti dubbii koo akka dhageessu nan godha.”

3 Kanaafuu, ani gara mana suphe dhooftuu sanaatti gad nan buʼe; innis geengoo suphe dhooftuu irratti hojjechaa ture. 4 Haa taʼu malee, miini suphe dhooftuun sun suphee irraa tolchaa ture harka isaa irratti ni mancaʼe. Kanaafuu, suphe dhooftuun sun akkuma isatti toletti* deebisee miʼa kan biraa godhee isa tolche.

5 Yeroo kanatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 6 “‘Yaa mana Israaʼel, akkuma suphe dhooftuun kun godhetti ani isin irratti gochuu hin dandaʼuu?’ jedha Yihowaan. ‘Yaa mana Israaʼel, kunoo akkuma suphee harka suphe dhooftuu keessa jiruutti, isinis harka koo keessa jirtu.+ 7 Ani sabni yookiin mootummaan tokko akka buqqifamu, akka diigamuu fi akka balleeffamu yommuun dubbadhutti,+ 8 sabni sunis hammina isaa isan mormee dubbadhe sana yoo dhiise, anis badiisa isan irratti fiduuf yaade ilaalchisee yaada koo nan jijjiira.*+ 9 Haa taʼu malee, ani sabni yookiin mootummaan tokko akka ijaaramuu fi akka dhaabamu yommuun dubbadhutti, 10 innis wanta na duratti hamaa taʼe yoo raawwatee fi sagalee kootiif ajajamuu yoo dide, anis wanta gaarii isan isaaf gochuuf yaade ilaalchisee yaada koo nan jijjiira.’*

11 “Ammas, maaloo, namoota Yihudaa fi jiraattota Yerusaalemiin akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, ani badiisaa fi mala tokko isin irratti qopheessaan* jira. Maaloo, daandiiwwan keessan warra hamoo irraa deebiʼaa; daandiiwwan keessanii fi gochawwan keessanis sirreessaa.”’”+

12 Isaan garuu, “‘Kun abdii hin qabu!+ Sababiin isaas, nuti yaada mataa keenyaa duukaa buuna; tokkoon tokkoon keenyas wantuma garaan keenya inni hamaan inni didaa taʼe jedhu goona”+ jedhan.

13 Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha:

“Maaloo, saboota gidduutti ofuma keessanii gaafadhaa.

Eenyutu wanta akkanaa dhagaʼee beeka?

Durbi Israaʼel wanta hundumaa caalaa suukanneessaa taʼe raawwatteetti.+

14 Cabbiin Libaanon qarsaawwan irraan gadee ishii irra jiran irraa ni dhabamaa?

Bishaanonni qulqulluun bakka fagoodhaa yaaʼan hoo ni goguu?

15 Sabni koo garuu na irraanfateera.+

Sababiin isaas, isaan wanta gatii hin qabneef aarsaa* dhiheessu,+

Daandiiwwan isaanii, jechuunis karaawwan bara durii irratti namoota gufachiisuudhaan

Daandiiwwan xixinnoo warra diriiroo fi wal qixa hin taane* irra akka deeman godhu;+

16 Kanas kan godhan, biyyi isaanii bakka sodaachisaa,+

Bara baraafis kan itti siiqsamu akka taatu gochuufi.+

Namni achiin darbu kam iyyuu naasuudhaan fajaja, mataa isaas ni raasa.+

17 Ani akkuma bubbee bahaatti, diina duratti isaan nan bittinneessa.

Guyyaa badiisa isaaniitti, dugda koo malee fuula koo isaanitti hin argisiisu.”+

18 Isaanis, “Seerichi* luboota keenya jalaa yookiin gorsi namoota ogeeyyii jalaa yookiin dubbichi raajota jalaa waan hin badneef, kottaa, Ermiyaas irratti daba haa qopheessinu.+ Kottaa, isa morminee haa dubbannu;* wanta inni dubbatus hin dhageenyu” jedhan.

19 Yaa Yihowaa, xiyyeeffannaa naaf kenni,

Wanta diinonni koo dubbatanis dhaggeeffadhu.

20 Wanta gaariidhaaf wanti hamaan deebifamuu qabaa?

Isaan lubbuu kootiif boolla qotaniiru.+

Dheekkamsi kee isaan irraa akka goru gochuuf,

Ani waaʼee isaanii wanta gaarii dubbachuuf akkamitti si dura akkan dhaabbadhe yaadadhu.

21 Kanaafuu, ilmaan isaanii beelatti,

Isaaniinis goraadeetti dabarsii kenni.+

Haadhotiin manaa isaanii ijoolleen kan jalaa duʼanii fi abbootiin manaa kan irraa duʼan haa taʼan.+

Dhiironni isaanii dhaʼicha nama ajjeesuun haa duʼan,

Dargaggoonni isaaniis waraana irratti goraadeedhaan haa ajjeefaman.+

22 Ati akkuma tasaa yommuu tuuta weerartootaa isaanitti fiddutti,

Manneen isaanii keessaa iyyi haa dhagaʼamu.

Sababiin isaas, isaan na qabachuuf boolla qotaniiru,

Miila kootiifis kiyyoo kaaʼaniiru.+

23 Yaa Yihowaa, ati garuu

Daba isaan na ajjeesuuf na irratti qopheessan hundumaa akka gaariitti beekta.+

Balleessaa isaanii hin dhoksin,

Cubbuu isaaniis of duraa haxooftee hin balleessin.

Yommuu dheekkamsa keetiin tarkaanfii isaan irratti fudhattutti,+

Isaan si duratti haa gufatan.+

19 Yihowaan akkana jedha: “Dhaqiitii suphe dhooftuu tokko irraa hubboo* biti.+ Jaarsolii sabichaa fi jaarsolii lubootaa keessaa muraasa fuudhiitii 2 gara Sulula Ilma Hinoom+ isa Karra Qiraacii biratti argamu sanaatti gad baʼi. Achittis dubbii ani sitti dubbadhu labsi. 3 Akkana jedhi: ‘Isin mootonni Yihudaa fi jiraattonni Yerusaalem, dubbii Yihowaa dhagaʼaa. Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

“‘“Ani iddoo kana irratti badiisa nan fida; kunis dhaqna nama waaʼee isaa dhagaʼu kam iyyuu surur godha. 4 Kun kan taʼes, isaan waan na dhiisanii+ fi iddoon kun kan hin hubatamne akka taʼu waan godhaniifi.+ Isaan achi keessatti waaqolii kan biroo warra isaanis taʼan abbootiin isaanii, akkasumas mootonni Yihudaa hin beekneef aarsaa dhiheessaa jiru; iddoo kanas dhiiga namoota balleessaa hin qabneetiin guutaniiru.+ 5 Isaan ilmaan isaanii ibiddaan gubanii aarsaawwan guutummaatti gubaman godhanii Baʼaaliif dhiheessuuf, iddoowwan ol kaʼoo Baʼaal ijaaraniiru;+ kunis wanta ani hin ajajne yookiin waaʼee isaa hin dubbannee fi matumaa garaa kootti illee hin yaanne* dha.”’+

6 “‘Yihowaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, kunoo, yeroon iddoon kun Tofeet yookiin Sulula Ilma Hinoom utuu hin taʼin, Sulula Qalmaa itti jedhamu ni dhufa.+ 7 Ani iddoo kanatti karoora Yihudaa fi Yerusaalem nan fashaleessa; isaan diinota isaanii duratti goraadeedhaan akka kufan, akkasumas harka warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadanii* irratti akka kufan nan godha. Reeffa isaaniis allaattiiwwan samii fi bineensota lafaatiif nyaata godhee nan kenna.+ 8 Magaalaan kunis bakka sodaachisaa fi kan itti siiqsamu akka taatu nan godha. Namni achiin darbu kam iyyuu naasuudhaan ni fajaja, dhaʼicha ishii hundumaatiin kan kaʼes ni siiqsa.+ 9 Dhiibbaa, akkasumas dhiphina diinonni isaanii fi warri lubbuu isaanii balleessuu barbaadan* isaan irra geessisaniin kan kaʼe, foon ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii akka nyaatan nan godha; tokkoon tokkoon isaaniis foon namaa ni nyaatu.”’+

10 “Hubboo sanas namoota sii wajjin deeman duratti cabsi; 11 achiis akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Akkuma namni tokko suphamuu hamma hin dandeenyetti miʼa suphe dhooftuu tokkoo caccabsuutti, anis saba kanaa fi magaalaa kana nan caccabsa; isaanis warra duʼan awwaaluuf iddoon hamma dhabamutti Tofeet keessatti isaan ni awwaalu.”’+

12 “Yihowaan akkana jedha: ‘Magaalaa kana akkuma Tofeet gochuuf, iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti akkanuma nan godha. 13 Manneen Yerusaalemii fi manneen mootota Yihudaas akkuma iddoo kanaa, akkuma Tofeet xuraaʼoo ni taʼu;+ eeyyee, manneen warri isaan baaxiiwwan isaanii irratti raayyaa samii hundumaatiif aarsaawwan itti dhiheessanii+ fi waaqolii kan birootiif aarsaawwan dhugaatii itti dhangalaasan sun akkanuma ni taʼu.’”+

14 Ermiyaasis Tofeet bakka Yihowaan raajii akka dubbatu itti isa erge irraa yommuu deebiʼu, mooraa mana Yihowaa keessa dhaabbatee guutummaa sabichaatiin akkana jedhe: 15 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Isaan mata jabeeyyii taʼuudhaan* dubbii kootiif ajajamuu waan didaniif, kunoo, magaalaa kanaa fi gandeen ishii hundumaa irratti badiisa akkan itti fidu dubbadhe sana hundumaa nan fida.’”+

20 Yeroo kanatti Paashuur ilmi Iimer inni lubaa fi mana Yihowaa keessatti itti gaafatamaa ol aanaa taʼe, yommuu Ermiyaas wantoota kana ilaalchisee raajii dubbatu dhagaʼaa ture. 2 Achiis Paashuur Ermiyaas raajicha erga rukutee booda jirma isa Karra Biiniyaam Isa Olii biratti, mana Yihowaa keessatti argamu gidduu galchee isa hidhe.+ 3 Guyyaa itti aanutti yommuu Paashuur jirma sana gidduudhaa isa hiiketti, Ermiyaas akkana isaan jedhe:

“Yihowaan Paashuur utuu hin taʼin, Bakka Hundumaa Naasuu jedhee maqaa siif moggaaseera.+ 4 Sababiin isaas, Yihowaan akkana jedha: ‘Atis taate michoonni kee hundi akka naatan nan godha; isaanis utuma ijji kee arguu goraadee diinota isaaniitiin ni kufu;+ guutummaa Yihudaa harka mootii Baabilonitti dabarsee nan kenna; innis boojuudhaan gara Baabilonitti isaan geessa; goraadeedhaanis isaan ajjeesa.+ 5 Ani qabeenya magaalaa kanaa hundumaa, badhaadhina ishii hundumaa, miʼawwan ishii warra gatii guddaa qaban hundumaa fi qabeenya mootota Yihudaa hundumaa harka diinota isaaniitti dabarsee nan kenna.+ Isaanis isaan ni saamu, qabaniis gara Baabilonitti isaan fudhatu.+ 6 Yaa Paashuur, atii fi warri mana kee keessa jiraatan hundi garuu boojuudhaan ni fudhatamtu. Ati gara Baabilonitti geeffamtee achitti ni duuta; michoota kee hundumaa wajjinis achitti ni awwaalamta; sababiin isaas, raajii sobaa isaanitti dubbatteetta.’”+

 7 Yaa Yihowaa, ati na gowwoomsite, anis nan gowwoomfame.

Ati jabina kee na irratti argisiiste, ni mootes.+

Guyyaa guutuu nama itti kolfamu nan taʼe;

Namni hundis natti qoosa.+

 8 Sababiin isaas, yeroon dubbadhu hundumaatti,

“Jeequmsaa fi badiisa!” jedhee nan iyya, nan labsas.

Dubbii Yihowaatiin kan kaʼe guyyaa guutuu nan arrabsama, akkasumas natti qoosama.+

 9 Kanaafuu, “Ani waaʼee isaa hin kaasu,

Kana boodas maqaa isaatiin hin dubbadhu” nan jedhe.+

Haa taʼu malee, inni garaa koo keessatti akkuma ibidda bobaʼuu fi lafeewwan koo keessa jiruu ni taʼe,

Keessa kootti isa qabachuu nan dadhabe;

Kana caalaas isa dandamachuu hin dandeenye.+

10 Ani jette jettee hamaa hedduu dhagaʼeera;

Naasuun natti marseera.+

“Isa balaaleffadhaa; kottaa, isa haa balaaleffannu!”

Namni naa wajjin nagaa kan qabu fakkaatu hundi,

“Tarii inni gowwoomfamee dogoggora raawwata taʼa,

Nutis isa moonee isa irratti haaloo baʼuu dandeenya” jechaa kufaatii koo eeggata ture.+

11 Yihowaan garuu akka loltuu sodaachisaatti anaa wajjin ture.+

Warri na ariʼatan kan gufatanii fi kan hin moone kanaafi.+

Isaan milkaaʼina waan hin arganneef, qaanii guddaadhaaf ni saaxilamu.

Salphinni bara baraaf isaan irra gaʼu hin irraanfatamu.+

12 Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa, ati garuu nama qajeelaa ni qorta;

Yaada keessa namaa jiruu* fi garaa namaa ni argita.+

Dhimma seeraa koo sitti waanan kennadheef,+

Haaloo isaan irratti baatu natti argisiisi.+

13 Inni isa hiyyeessa* harka warra hammina hojjetanii irraa waan oolcheef,

Yihowaa faarfadhaa! Yihowaa jajadhaa!

14 Guyyaan itti dhaladhe haa abaaramu!

Guyyaan haati tiyya itti na deesse hin eebbifamin!+

15 Namni, “Ilmi siif dhalateera!” jedhee

Abbaa kootti misiraachoo himuudhaan

Baayʼee isa gammachiise kan abaarame haa taʼu.

16 Namni sun akkuma magaalota Yihowaan gaabbii tokko malee gaggaragalche sanaa haa taʼu.

Inni ganama booʼicha, guyyaa saafaas iyya akeekkachiisaa haa dhagaʼu.

17 Haati tiyya iddoo awwaalchaa koo akka taatutti,

Gadameessi ishiis yeroo hunda akkuma ulfa taʼetti akka itti fufutti,

Inni gadameessa keessatti kan na hin ajjeesne maaliifi?+

18 Rakkinaa fi gadda arguuf,

Guyyoota koos qaaniidhaan xumuruuf,

Gadameessa keessaa kanan baʼe maaliifi?+

21 Yeroo Zedeeqiyaan+ Mootichi, Paashuur+ ilma Maalkiyaa fi Sefaaniyaa+ ilma Maaʼaaseyaa isa luba taʼe gara Ermiyaasitti ergetti, dubbiin Yihowaa gara Ermiyaas ni dhufe; isaanis akkana jedhanii isa gaafatan: 2 “Nebukadnezaar* mootiin Baabilon nu irratti waraana waan baneef,+ maaloo, wanta taʼuuf jedhu ilaalchisee Yihowaa nuuf gaafadhu. Inni nu irraa akka deebiʼuuf, tarii Yihowaan nuuf jedhee hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo keessaa isa tokko ni raawwata taʼa.”+

3 Ermiyaasis akkana isaaniin jedhe: “Zedeeqiyaadhaan akkana jedhaa: 4 ‘Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Kunoo, meeshaawwan waraanaa harka keessan irra jiran warra isin mootii Baabilonii fi Kaladoota dallichaa alatti isinitti marsanii jiran ittiin waraantan sana isinuma irratti nan deebisa.+ Wantoota* kanas magaalaa kana gidduutti walitti nan qaba. 5 Anumti iyyuu harka diriirfameen, irree jabaadhaan, dheekkamsaa fi aarii guddaadhaan+ isin nan lola.+ 6 Ani namas taʼe horii, jiraattota magaalaa kanaa nan rukuta. Isaan golfaa* guddaadhaan ni duʼu.”’+

7 “‘Yihowaan akkana jedha: “Sana booda ani Zedeeqiyaa mootii Yihudaa, tajaajiltoota isaa fi namoota magaalaa kanaa warra golfaa, goraadee fi beela sana irraa oolan, harka Nebukadnezaar* mootii Baabilonitti, harka diinota isaaniittii fi harka warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadaniitti* dabarsee nan kenna.+ Innis goraadeedhaan rukutee isaan ajjeesa. Inni isaaniif hin gaddu, gara laafina yookiin araara akkamii iyyuu isaanitti hin argisiisu.”’+

8 “Saba kanaanis akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, ani daandii jireenyaa fi daandii duʼaa isin dura kaaʼeera. 9 Warri magaalaa kana keessatti hafan goraadee, beelaa fi golfaadhaan ni duʼu. Haa taʼu malee, namni gad baʼee Kaladoota warra isinitti marsanii jiranitti harka kennu kam iyyuu lubbuudhaan ni jiraata; lubbuun isaas akka boojuutti isaaf ni hafa.”’*+

10 “‘“Sababiin isaas, ani wanta gaariidhaaf utuu hin taʼin, rakkina ishiitti fiduuf fuula koo magaalaa kana irra kaaʼeera.+ Ishiin harka mootii Baabilonitti dabarfamtee ni kennamti;+ innis ibiddaan ishii guba”+ jedha Yihowaan.

11 “‘Isin maatiin mootii Yihudaa, dubbii Yihowaa dhagaʼaa. 12 Yaa mana Daawit, Yihowaan akkana jedha:

“Gocha keessan isa hamaadhaan kan kaʼe,

Dheekkamsi koo akkuma ibiddaatti akka hin bobaaneef,+

Hamma namni tokko illee isa dhaamsuu hin dandeenyetti akka hin bobaaneef,+

Yeroo hundumaa ganama ganama haqa deggeraa,

Isa saamames harka nama gowwoomsituu taʼee irraa oolchaa.”’+

13 ‘Yaa jiraattota sululichaa,*

Yaa qarsaa dirree keessaa, kunoo, ani isin irratti kaʼeera’ jedha Yihowaan.

‘Isin warri, “Eenyutu gara keenyatti gad buʼa?

Eenyutu iddoowwan jireenyaa keenya weerara?” jettan,

14 Akkuma hojii keessaniif malutti,

Isin nan adaba.+

Bosona ishiitti ibidda nan qabsiisa,

Ibiddichis wantoota naannoo ishiitti argaman hundumaa ni nyaata’+ jedha Yihowaan.”

22 Yihowaan akkana jedha: “Gara mana* mootii Yihudaatti gad buʼiitii ergaa kana itti himi. 2 Akkana isaan jedhi: ‘Yaa mootii Yihudaa isa teessoo Daawit irra teessu nana, atis taate tajaajiltoonni kee fi sabni kee warri karaa karrawwan kanaa seenan dubbii Yihowaa dhagaʼaa. 3 Yihowaan akkana jedha: “Haqaa fi qajeelummaa deggeraa. Isa saamame harka nama gowwoomsituu taʼee irraa oolchaa. Nama biyya ormaa kam iyyuu hin cunqursinaa; mucaa abbaa hin qabne* yookiin dubartii abbaan manaa irraa duʼe kam iyyuu hin miidhinaa.+ Bakka kanattis dhiiga nama balleessaa hin qabne kam iyyuu hin dhangalaasinaa.+ 4 Sababiin isaas, isin of eeggannoodhaan dubbii kana yoo raawwattan, mootonni teessoo Daawit irra taaʼan+ tajaajiltoota isaanii fi saba isaanii wajjin gaariiwwan fardaa fi fardeen irra taaʼanii karaa karrawwan mana kanaa ni seenu.”’+

5 “‘Dubbii kanaaf yoo ajajamuu baattan garuu, ofii kootiin nan kakadha, manni kun ona ni taʼa’ jedha Yihowaan.+

6 “Sababiin isaas, Yihowaan mana mootii Yihudaa ilaalchisee akkana jedha:

‘Ati anaaf akkuma Giiliyaadi,

Akkasumas akkuma fiixee Libaanoni.

Taʼus, ani lafa onaa sin godha;

Magaalota kee keessaa isa tokko keessa illee namni hin jiraatu.+

 7 Ani warra badiisa geessisan,

Tokkoon tokkoon isaanii meeshaa waraanaa isaanii wajjin si irratti nan muuda.*+

Isaan mukeetii gaattiraa kee warra hunda caalaa filatamoo taʼan ni muru,

Ibidda keessattis akka jigan ni godhu.+

8 “‘Namoonni hedduun karaa magaalaa kanaa yommuu darban, “Yihowaan magaalaa guddoo kana irratti akkana kan godhe maaliifi?” waliin jedhu.+ 9 Isaanis, “Kakuu Waaqa isaanii Yihowaa dhiisanii waaqolii kan birootiif waan sagadanii fi waan isaan tajaajilaniifi” jedhanii deebisu.’+

10 Isa duʼeef hin booʼin,

Hin gaddinis.

Kanaa mannaa, isa deemeef hirqinfadhuu booʼi,

Sababiin isaas, kana booda inni biyya itti dhalate ilaaluuf hin deebiʼu.

11 “Sababiin isaas, Yihowaan Shaalum*+ ilma Yosiyaas isa mootii Yihudaa taʼe, isa bakka abbaa isaa Yosiyaas+ bulchaa jiruu fi iddoo kanaa deeme sana ilaalchisee akkana jedha: ‘Kana booda inni achitti hin deebiʼu. 12 Bakka isaan boojiʼanii itti isa fudhatanitti waan duʼuuf, sana booda inni biyya kana hin argu.’+

13 Nama qajeelummaa dabsuudhaan mana ijaarratuuf,

Haqa jalʼisuudhaanis kutaawwan fooqii irraa ijaarratuuf,

Nama tolaan nama kan biraa hojjechiifatuuf,

Isa mindaa isaa kaffaluu diduufis, wayyoo!+

14 Nama, ‘Mana balʼaa,

Kutaawwan fooqii irraa babalʼoo taʼan qabu nan ijaarradha.

Foddaawwan isaaf nan tolcha,

Muka gaattiraatiin nan uwwisa, halluu diimaas nan diba’ jedhuuf wayyoo!

15 Ati muka gaattiraatiin hojjechuudhaan warra kaan waan caaltuuf bulchuu kee itti fuftaa?

Abbaan kees nyaateera, dhugeeras,

Garuu haqaa fi qajeelummaa raawwachiiseera,+

Kanaan kan kaʼes, gaarii isaaf taʼeera.

16 Inni dhimma seeraa isa cunqurfame sanaatiifis taʼe isa hiyyeessa taʼe sanaatiif falmeera,

Kanaafuu, gaarii isaaf taʼeera.

‘Na beekuu jechuun kana mitii?’ jedha Yihowaan.

17 ‘Ijji kee fi garaan kee kan xiyyeeffate garuu buʼaa sirrii hin taane argachuu irratti,

Dhiiga qulqulluu dhangalaasuu irratti,

Akkasumas gowwoomsaa fi saamicha raawwachuu irratti qofa dha.’

18 “Kanaafuu, Yihowaan Yehoyaaqiim+ ilma Yosiyaas isa mootii Yihudaa taʼe ilaalchisee akkana jedha:

‘Isaan, “Wayyoo obboleessa koo! Wayyoo obboleettii tiyya!”

Jedhanii isaaf hin booʼan.

“Wayyoo yaa gooftaa! Wayyoo yaa isa kabajamaa!”

Jedhanii isaaf hin booʼan.

19 Inni akkuma harreen awwaalamutti awwaalama,+

Karrawwan Yerusaalemii alatti

Harkifamee gatama.’+

20 Warri baayʼee si jaallatan hundi waan caccabaniif,+

Gara Libaanonitti ol baʼiitii iyyi,

Baashaan keessatti sagalee kee ol kaasi,

Abaariim keessaas iyyi.+

21 Yommuu tasgabbiin sitti dhagaʼametti sitti nan dubbadhe.

Ati garuu, ‘Ani hin ajajamu’ jette.+

Ijoollummaa keetii jalqabee daandiin kee kana dha,

Sababiin isaas, ati sagalee kootiif hin ajajamne.+

22 Tiksitoota kee hundumaa qilleensatu tiksa,+

Warri baayʼee si jaallatanis ni boojiʼamu.

Atis badiisa si irra gaʼu hundumaatiin kan kaʼe ni qaanofta, ni salphattas.

23 Yaa isa Libaanon keessa,+

Mukeetii gaattiraa gidduus sitti tolee jiraattu nana,+

Akkuma dubartii daʼuuf jettuutti ciniinsuun yommuu si qabatu,

Dhiphinnis* yommuu sitti dhufu akkam aadda laata!”+

24 “Yihowaan akkana jedha: ‘Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ati Kooniyaan*+ ilmi Yehoyaaqiim+ inni mootii Yihudaa taate qubeellaa chaaphaa harka mirgaa koo irra jiru yoo taate illee, ani harkisee achii sin baasa! 25 Ani harka warra lubbuu kee balleessuu barbaadaniitti,* harka warra ati sodaattu sanaatti, harka Nebukadnezaar* mootii Baabilonittii fi harka Kaladootaatti dabarsee sin kenna.+ 26 Siinis taʼe haadha tee ishii si deesse gara biyya kan biraa isin itti hin dhalannetti nan darbadha; isinis achitti ni duutu. 27 Isaan matumaa gara biyya hawwan* sanaatti hin deebiʼan.+

28 Namichi Kooniyaa jedhamu kun hubboo cabaa tuffatamee fi

Miʼa eenyu iyyuu hin barbaanne dhaa?

Innis taʼe sanyiin isaa kan gad darbataman,

Gara biyya hin beekneettis kan gataman maaliifi?’+

29 Yaa lafaa, yaa lafaa, yaa lafaa, dubbii Yihowaa dhagaʼi.

30 Yihowaan akkana jedha:

‘Sanyii isaa keessaa namni tokko illee

Teessoo Daawit irra taaʼee Yihudaa keessatti bulchuudhaan milkaaʼina waan hin arganneef,

Nama kana akka nama mucaa hin qabneetti,

Akka nama bara jireenyaa* isaatti milkaaʼina akkamii iyyuu hin arganneetti galmeessi.’”+

23 “Tiksitoota hoolota kaloo koo keessa jiran balleessanii fi bittinneessaniif wayyoo!” jedha Yihowaan.+

2 Kanaafuu, Yihowaan Waaqni Israaʼel tiksitoota saba isaa tiksaniin akkana jedha: “Isin hoolota koo bittinneessitaniittu; isaan faffacaasuu keessan itti fuftaniittu; xiyyeeffannaas isaaniif hin kennine.”+

“Kanaafuu, hojii keessan isa hamaadhaan kan kaʼe xiyyeeffannaa koo gara keessanitti nan deebisa” jedha Yihowaan.

3 “Achiis hoolota koo warra hafan biyyoota ani itti isaan bittinneesse hundumaa irraa walitti nan qaba;+ gara kaloo isaaniitti isaan nan deebisa;+ isaanis ni horu, ni baayʼatus.+ 4 Tiksitoota dhugumaan isaan tiksan isaaniif nan kaasa.+ Isaan siʼachi hin sodaatan yookiin hin jeeqaman; tokkoon isaaniis hin badan” jedha Yihowaan.

5 Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, guyyaan ani Daawitiif latii* qajeelaa itti kaasu ni dhufa.+ Mootiin ni bulcha;+ inni hubannaa ni argisiisa; biyyattii keessattis haqaa fi qajeelummaa ni raawwachiisa.+ 6 Bara isaatti Yihudaan ni oolti;+ Israaʼelis tasgabbiidhaan ni jiraatti.+ Maqaan inni ittiin waamamus, ‘Yihowaan Qajeelummaa Keenya Dha’ kan jedhu taʼa.”+

7 Yihowaan akkana jedha: “Haa taʼu malee, kana booda guyyaan isaan, ‘Yihowaa isa jiraataa taʼe, isa saba Israaʼel biyya Gibxii keessaa baaseen nan kakadha!’ itti hin jenne ni dhufa;+ 8 kanaa mannaa isaan, ‘Yihowaa isa jiraataa taʼe, isa sanyii mana Israaʼel biyya kaabaa fi biyyoota itti isaan faffacaasee ture hundumaa keessaa baasee fideen nan kakadha!’ jedhu; isaan biyyuma isaanii keessa ni jiraatu.”+

9 Raajota ilaalchisee akkana nan jedha:

Garaan koo keessa kootti cabeera.

Lafeewwan koo hundi ni hollatu.

Yihowaa fi dubbii isaa isa qulqulluudhaan kan kaʼe,

Ani akkuma nama machaaʼee,

Akkuma nama daadhii wayiniitiin moʼamees nan taʼe.

10 Sababiin isaas, biyyattiin ejjitootaan guutamteetti;+

Abaarsaan kan kaʼe biyyattiin gadda keessa galteetti,+

Iddoowwan dheedichaa lafa onaas goganiiru.+

Daandiin isaanii hamaa dha; isaan karaa sirrii hin taaneen aangoo isaaniitti fayyadamu.

11 “Raajichis taʼe lubichi faalamaniiru.*+

Manuma koo keessatti illee hammina isaanii argeera”+ jedha Yihowaan.

12 “Kanaafuu, daandiin isaanii kan mucucaatuu fi dukkana ni taʼa;+

Isaan darbatamanii ni kufu.

Sababiin isaas, waggaa itti qoratamanitti

Badiisa isaanitti nan fida” jedha Yihowaan.

13 “Ani raajota Samaariyaa+ irratti wanta jibbisiisaa taʼe argeera.

Isaan maqaa Baʼaaliin raajii dubbatu,

Saba koo Israaʼeliinis karaa irraa jalʼisu.

14 Raajota Yerusaalem irrattis wanta suukanneessaa taʼe argeera.

Isaan ejja raawwatu,+ sobaanis ni deddeebiʼu;+

Warra hammina raawwatan ni jajjabeessu,*

Hammina isaanii irraas hin deebiʼan.

Anaaf hundi isaanii akkuma Sodoomi,+

Jiraattonni ishiis akkuma Gomoraa+ ti.”

15 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaan Raayyaa raajota ilaalchisee akkana jedha:

“Kunoo, isaan hadheessa akka nyaatan nan godha,

Bishaan summaaʼaa akka dhuganis isaaniif nan kenna.+

Sababiin isaas, raajonni Yerusaalem guutummaa biyyattii keessatti gantummaa babalʼisaniiru.”

16 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

“Dubbii raajota warra raajii isinitti dubbatan sanaa hin dhagaʼinaa.+

Isaan isin gowwoomsaa* jiru.

Mulʼanni isaan dubbatan, garaa isaanii keessaa kan madde dha malee,+

Afaan Yihowaa keessaa kan baʼe miti.+

17 Isaan warra na tuffataniin irra deddeebiʼanii,

‘Yihowaan, “Nagaa ni argattu” jedheera’ jedhu.+

Nama garaa isaa isa didaa taʼe duukaa buʼu hundumaatiinis,

‘Badiisni isin irra hin gaʼu’ jedhu.+

18 Dubbii isaa ilaaluu fi dhagaʼuuf,

Saba Yihowaatti dhihaate gidduu kan dhaabbate eenyu?

Dubbii isaa dhagaʼuudhaaf xiyyeeffannaa kan kenne eenyu?

19 Kunoo, dheekkamsi Yihowaa akkuma obomboleettiitti humnaan ni baʼa;

Akkuma bubbee cimaattis mataa hamootaa irratti saffisaan gad ni buʼa.+

20 Yihowaan hamma fedhii garaa isaa raawwatuttii fi fiixaan baasutti,

Dheekkamsi isaa duubatti hin deebiʼu.

Guyyoota dhumaatti kana sirriitti ni hubattu.

21 Ani raajota hin ergine, isaan garuu ni fiigan.

Ani isaanitti hin dubbanne, isaan garuu raajii dubbatan.+

22 Haa taʼu malee, isaan saba natti dhihaate gidduu dhaabbataniiru utuu taʼee,

Silaa sabni koo dubbii koo akka dhagaʼu,

Daandii isaa isa gaarii hin taanee fi gocha isaa isa hamaa irraa akka deebiʼus ni godhu turan.”+

23 “Ani Waaqa dhihoo qofa dhaa? Waaqa fagoo hoo mitii?” jedha Yihowaan.

24 “Namni bakka dhokataa ani itti isa arguu hin dandeenyetti dhokachuu dandaʼu jiraa?”+ jedha Yihowaan.

“Ani samiiwwanii fi lafa guuteen jira mitii?”+ jedha Yihowaan.

25 “Raajonni maqaa kootiin raajii sobaa dubbatan, ‘Ani abjuu argeera! Ani abjuu argeera!’+ yommuu jedhan dhagaʼeera. 26 Yaanni raajii sobaa dubbachuu kun hamma yoomiitti garaa raajotaa keessa jiraata? Isaan raajota gowwoomsaa garaa isaanii keessa jiru dubbatani dha.+ 27 Akkuma abbootiin isaanii Baʼaaliin kan kaʼe maqaa koo irraanfatanitti, isaanis abjuuwwan walitti himaniin sabni koo maqaa koo akka irraanfatu gochuu barbaadu.+ 28 Raajiin abjuu abjuʼatu abjuu sana haa dubbatu; namni dubbii koo qabu garuu amanamummaadhaan dubbii koo haa dubbatu.”

“Cidii fi midhaan tokkummaa maalii qabu?” jedha Yihowaan.

29 “Dubbiin koo akkuma ibiddaa+ fi akkuma burruusa kattaa caccabsuu mitii?”+ jedha Yihowaan.

30 “Kanaan kan kaʼes, ani raajota dubbii koo wal irraa hatan nan adaba” jedha Yihowaan.+

31 “Kunoo, ani raajota, ‘Inni akkana jedha!’ jechuuf arraba isaaniitti fayyadaman nan adaba”+ jedha Yihowaan.

32 “Kunoo, ani raajota abjuuwwan sobaa abjuʼatan, warra abjuuwwan kana dubbatanii fi soba isaaniitiin, of jajuu isaaniitiinis saba koo karaa irraa jalʼisan nan adaba” jedha Yihowaan.+

“Haa taʼu malee, ani isaan hin ergine yookiin isaan hin ajajne. Kanaafuu, isaan matumaa saba kana hin fayyadan”+ jedha Yihowaan.

33 “Yommuu sabni kun yookiin raajiin tokko yookiin lubni tokko, ‘Baʼaan* Yihowaa maali dha?’ jedhee si gaafatu, ati immoo, ‘“Yaa namoota nana, baʼaan sun isini! Anis isin nan gata”+ jedha Yihowaan’ jettee isaaniif ni deebista. 34 Raajii yookiin luba yookiin saba, ‘Kun baʼaa* Yihowaa ti!’ jedhu sana ilaalchisee garuu, ani gara nama sanaa fi maatii isaatti xiyyeeffannaa koo nan deebisa. 35 Tokkoon tokkoon keessan nama kan biraa fi obboleessa keessaniin, ‘Yihowaan deebii akkamii kenne? Yihowaan maal dubbate?’ jettu. 36 Baʼaan* sun dubbii tokkoon tokkoon namaa waan taʼeef, isinis dubbii Waaqa jiraataa Yihowaa Gooftaa Raayyaa isa Waaqa keenya taʼe sanaa waan jijjiirtaniif, kana booda waaʼee baʼaa* Yihowaa hin dubbatinaa.

37 “Ati raajichaan akkana jetta: ‘Yihowaan deebii akkamii siif kenne? Yihowaan maal dubbate? 38 Isin, “Baʼaa* Yihowaa!” jechuu keessan yoo itti fuftan, Yihowaan akkana jedha: “‘“Baʼaa* Yihowaa” hin jedhinaa’ ergan isiniin jedhee booda, ‘Dubbiin kun baʼaa* Yihowaa ti’ waan jettaniif, 39 kunoo, ani isiniinis taʼe magaalaan isinii fi abbootii keessaniif kenne ol kaasee of duraa nan darbadha. 40 Qaanii bara baraa fi salphina bara baraa isa hin irraanfatamne isin irratti nan fida.”’”+

24 Nebukadnezaar* mootiin Baabilon, Yikooniyaa*+ ilma Yehoyaaqiim+ mootii Yihudaa, bulchitoota Yihudaa, ogeeyyii harkaa fi warra hojii sibiilaa hojjetanii* wajjin boojiʼee Yerusaalem irraa gara Baabilonitti+ erga fudhatee booda, Yihowaan guuboowwan firii harbuu qabatanii fi mana qulqullummaa Yihowaa dura kaaʼaman lama natti argisiise. 2 Guuboon inni tokko firiiwwan harbuu baayʼee gaggaarii akka firiiwwan harbuu warra jalqaba bilchaatanii taʼan kan qabate ture; guuboon inni kan biraan garuu firiiwwan harbuu baayʼee mancaʼan, akka malee mancaʼuu isaaniitiin kan kaʼes nyaatamuu hin dandeenye kan qabate ture.

3 Achiis Yihowaan, “Ermiyaas, maaltu sitti mulʼata?” jedhee na gaafate. Anis, “Firiiwwan harbuutu natti mulʼata; firiiwwan harbuu gaggaarii taʼan sun baayʼee gaggaarii dha; firiiwwan harbuu baayʼee mancaʼan sun garuu, akka malee mancaʼuu isaaniitiin kan kaʼe nyaatamuu kan hin dandeenye dha”+ jedheen deebise.

4 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 5 “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Boojiʼamtoota Yihudaa warra ani iddoo kanaa baasee gara biyya Kaladootaatti erge sana akkuma firiiwwan harbuu gaggaarii taʼan kanaatti ija gaariidhaan nan ilaala. 6 Wanta gaarii isaaniif gochuuf ija koo isaan irra nan kaaʼa; gara biyya kanaatti akka deebiʼanis nan godha.+ Isaan nan ijaara malee hin diigu; isaan nan dhaaba malee hin buqqisu.+ 7 Garaa ani Yihowaa taʼuu koo beekuu barbaadu isaaniif nan kenna.+ Garaa isaanii guutuudhaan gara kootti waan deebiʼaniif,+ isaan saba koo ni taʼu, anis Waaqa isaanii nan taʼa.+

8 “‘Haa taʼu malee, firiiwwan harbuu mancaʼan, akka malee mancaʼuu isaaniitiin kan kaʼes nyaatamuu hin dandeenye+ sana ilaalchisee Yihowaan akkana jedha: “Ani Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaa, bulchitoota isaa, namoota Yerusaalem warra biyya kana keessatti hafanii fi warra biyya Gibxii keessa jiraatan akkuma kanaatti nan ilaala.+ 9 Mootummoonni lafaa hundis badiisa ani isaan irratti fidu yommuu argan akka sodaatan nan godha;+ bakkan itti isaan bittinneessu hundumaa keessattis+ warra arrabsaman, warra itti mammaakamu, warra itti qoosamuu fi warra abaaraman akka taʼan nan godha.+ 10 Biyyan isaanii fi abbootii isaaniitiif kenne irraa hamma badanittis goraadee,+ beelaa fi golfaa* isaanitti nan erga.”’”+

25 Yehoyaaqiim+ ilmi Yosiyaas mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti, jechuunis Nebukadnezaar* mootiin Baabilon mootii taʼee waggaa tokkoffaa isaatti guutummaa saba Yihudaa ilaalchisee dubbiin gara Ermiyaas dhufe isa kana. 2 Namoota Yihudaa hundumaa fi jiraattota Yerusaalem hundumaa ilaalchisee* wanti Ermiyaas raajichi dubbate isa kana:

3 “Yosiyaas ilmi Amoon mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 13ffaa+ irraa jalqabee hamma guyyaa kanaatti, jechuunis waggoottan 23n kanaaf dubbiin Yihowaa gara koo kan dhufe yeroo taʼu, anis irra deddeebiʼee* isinitti nan hime; isin garuu hin dhageenye.+ 4 Kana malees, Yihowaan irra deddeebiʼee* tajaajiltoota isaa warra raajota taʼan hundumaa gara keessanitti kan erge taʼus, isin garuu isaan hin dhageenye yookiin gurra keessan isaanitti hin qabne.+ 5 Isaanis akkana jedhu turan: ‘Maaloo, tokkoon tokkoon keessan daandii keessan isa hamaa fi gocha keessan isa hamaa irraa deebiʼaa;+ akkana yoo gootan, biyya Yihowaan bara dheeraa dura isinii fi abbootii keessaniif kenne keessa yeroo dheeraadhaaf ni jiraattu. 6 Waaqolii kan biroo duukaa hin buʼinaa, isaan hin tajaajilinaa, isaaniif hin sagadinaa, hojiiwwan harka keessaniitiinis na hin dheekkamsiisinaa; taʼuu baannaan garuu, badiisa isinitti nan fida.’

7 “‘Isin garuu na hin dhageenye; kanaa mannaa, badiisa ofitti fiduuf hojii harka keessaniitiin na dheekkamsiistan’+ jedha Yihowaan.

8 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘“Isin dubbii kootiif waan hin ajajamneef, 9 ani maatiiwwan kaabaa hundumaatti,+ tajaajilaa koo kan taʼe Nebukadnezaar* mootii Baabilonittis dhaamsa ergee,+ biyya kana irratti, jiraattota ishii irrattii fi saboota naannoo kanatti argaman hundumaa irratti isaan nan fida”+ jedha Yihowaan. “Haxaaʼee isaan nan balleessa, wanta sodaachisaa fi kan itti siiqsamu akka taʼan, akkasumas yeroo hundumaatiif ona akka taʼan isaan nan godha. 10 Isaan gidduutti sagaleen gammachuu fi sagaleen ililchuu, sagaleen misirrichaa fi sagaleen misirrittii, akkasumas sagaleen dhagaa daakuu akka hin dhagaʼamne nan godha;+ ifa ibsaas nan dhaamsa. 11 Guutummaan biyya kanaa onaa fi wanta sodaachisaa ni taʼa; saboonni kunis waggaa 70f mootii Baabiloniin tajaajiluuf ni dirqamu.”’+

12 “Yihowaan akkana jedha: ‘Haa taʼu malee, waggaan 70ni kun yommuu xumuramutti+ ani mootii Baabilonii fi saba sana balleessaa isaaniitiif nan adaba;+ biyyi Kaladootaas yeroo hundumaatiif ona akka taatu nan godha.+ 13 Anis dubbii koo isan ishii irratti dubbadhe hundumaa, jechuunis raajii Ermiyaas saboota hundumaa irratti dubbate isa kitaaba kana keessatti barreeffame hundumaa biyya sana irratti nan fida. 14 Saboonni hedduunii fi mootonni guguddoon+ isaan garboomfatu;+ anis akka gocha isaaniittii fi akka hojii harka isaaniitti isaaniif nan deebisa.’”+

15 Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana naan jedheera: “Xoofoo daadhii wayinii dheekkamsaa kana harka koo irraa fuudhiitii saboota ani itti si ergu hundumaa obaasi. 16 Isaan ni dhugu, ni gatantarus; goraadee ani isaan gidduutti erguun kan kaʼes akka nama maraatee ni taʼu.”+

17 Kanaafuu, ani harka Yihowaa irraa xoofoo sana fuudhee saboota Yihowaan itti na erge hundumaa nan obaase;+ 18 akkuma harʼa taʼetti, akka diigaman, akkasumas wanta sodaachisaa, kan itti siiqsamuu fi kan abaaraman akka taʼan+ gochuuf Yerusaalemii fi magaalota Yihudaa,+ mootota ishii fi bulchitoota ishii irraa jalqabee nan obaase; 19 achiis Faraʼoon mootiin Gibxii, tajaajiltoonni isaa, bulchitoonni isaa fi guutummaan saba isaa,+ 20 akkasumas uummanni isaanii warri walitti makaman hundi, mootonni biyya Uuz hundi, mootonni biyya Filisxeemotaa+ hundi, Ashqaloon,+ Gaazaan, Eqroonii fi warri Ashdood irraa hafan, 21 Edoom,+ Moʼaabii+ fi Amoononni,+ 22 mootonni Xiiros hundi, mootonni Siidoon+ hundii fi mootonni odola galaanicha biratti argamtu sanaa, 23 Deedaan,+ Teemaan, Buuzii fi warri rifeensi illee isaanii haadame hundi,+ 24 mootonni Arabaa hundii+ fi mootonni uummata warra walitti makamanii fi lafa onaa keessa jiraatan sanaa hundi, 25 mootonni Zimrii hundi, mootonni Eelaam+ hundii fi mootonni Meedon+ hundi, 26 mootonni kaabaa warri dhihoo fi fagootti argaman hundi duraa duubaan, akkasumas mootummoonni addunyaa warri lafa irratti argaman kan biroon hundi ni dhugan; mootiin Sheshaak*+ immoo isaan booda ni dhuga.

27 “Akkana isaaniin jedhi: ‘Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Dhugaa, machaaʼaa, hooqqisaas; goraadee ani isin gidduutti erguun kan kaʼes kaʼuu hamma hin dandeenyetti kukkufaa.”’+ 28 Isaan xoofoo sana si harkaa fuudhanii dhuguu yoo didan, akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Dirqama dhuguu qabdu! 29 Sababiin isaas, ani jalqaba irratti magaalaa maqaa kootiin waamamte+ irratti badiisa nan fida erga taʼee, isin hoo utuu hin adabamin hafuu qabduu?”’+

“‘Ani jiraattota lafaa hundumaa irratti goraadee waanan waamuuf, isin utuu hin adabamin hin haftan’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

30 “Atis dubbii raajii kanaa hundumaa isaanitti ni dubbatta, akkana isaaniin jetta:

‘Ol gubbaadhaa Yihowaan akka leencaa ni barooda,

Iddoo jireenyaa isaa isa qulqulluu irraas sagalee isaa ni dhageessisa.

Sagalee isaa ol kaasee buufata isaa irratti ni barooda.

Inni akkuma warra wayinii cuunfaniitti iyyaa

Miira injifannootiin jiraattota lafaa hundumaa irratti ni faarfata.’

31 ‘Yihowaan sabootaa wajjin falmii waan qabuuf,

Wacni tokko hamma andaara lafaatti ni dhagaʼama.

Inni ofuma isaatiin ilmaan namootaa* hundumaa irratti murtii dabarsa.+

Hamootas goraadeetti dabarsee ni kenna’ jedha Yihowaan.

32 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

‘Kunoo, badiisni tokko saba irraa gara sabaatti babalʼachaa jira,+

Bubbee cimaan tokkos andaara lafaa hundumaa irraa ni gadhiifama.+

33 “‘Guyyaa sanatti warri Yihowaan ajjeese andaara lafaa isa tokko irraa hamma andaara lafaa isa kan biraatti ni argamu. Isaaniif hin booʼamu, isaan walitti hin qabaman yookiin hin awwaalaman. Lafa irrattis akkuma dikee taʼu.’

34 Yaa tiksitoota nana, gadoodaa, iyyaas!

Yeroon itti qalamtanii fi itti bittinnooftan waan dhufeef,

Akka miʼa gatii guddaa qabuuttis kuftanii waan caccabdaniif,

Isin hoolonni guguddoon lafa irra gangaladhaa!

35 Tiksitoonni bakka itti baqatan hin qaban,

Hoolonni guguddoonis miliquu hin dandaʼan.

36 Iyya tiksitootaa,

Gadooda hoolota guguddoos dhagaʼaa!

Yihowaan iddoo dheedichaa isaanii balleessaa jira.

37 Dheekkamsa Yihowaa isa bobaʼuun kan kaʼe,

Iddoowwan jireenyaa nagaa qaban bakka jireenyi keessa hin jirre taʼaniiru.

38 Inni akkuma leenca saafelaatti holqa isaa keessaa baʼeera;+

Sababiin isaas, goraadee gara jabeessa taʼeen,

Dheekkamsa isaa isa bobaʼuunis kan kaʼe

Biyyi isaanii wanta sodaachisaa taateetti.”

26 Jalqaba bulchiinsa Yehoyaaqiim+ ilma Yosiyaas mootii Yihudaatti dubbiin akkana jedhu Yihowaa biraa ni dhufe: 2 “Yihowaan akkana jedha: ‘Mooraa mana Yihowaa keessa dhaabbadhuutii waaʼee namoota magaalota Yihudaa warra waaqeffannaadhaaf* gara mana Yihowaa dhufan hundumaa dubbadhu. Wantan si ajaju hundumaa isaanitti himi; jecha tokko illee hin hambisin. 3 Tarii isaan si dhagaʼanii tokkoon tokkoon isaanii daandii isaanii isa hamaa irraa ni deebiʼu taʼa; anis badiisa isan gocha isaanii isa hamaadhaan kan kaʼe isaanitti fiduuf yaade sana ilaalchisee yaada koo nan jijjiira* taʼa.+ 4 Akkana isaaniin jedhi: “Yihowaan akkana jedha: ‘Isin seera* koo isan isin dura kaaʼe hordofuu diduudhaan yoo na hin dhageessan taʼe, 5 akkasumas dubbii raajota warra tajaajiltoota koo taʼanii fi ani irra deddeebiʼee* gara keessanitti erge sanaa dhagaʼuu yoo diddan,+ 6 anis mana kana akkuma Shiiloo nan godha;+ magaalaan kunis saboota lafaa hundumaa duratti kan abaaramte akka taatu nan godha.’”’”+

7 Ermiyaas yommuu dubbii kana mana Yihowaa keessatti dubbatetti luboonni, raajonnii fi guutummaan sabichaa ni dhagaʼan.+ 8 Kanaafuu, yommuu Ermiyaas wanta Yihowaan guutummaa sabichaatti akka dubbatu isa ajaje hundumaa dubbatee xumuretti, luboonni, raajonnii fi guutummaan sabichaa isa qaban; achiis akkana isaan jedhan: “Ati dhugumaan ni ajjeefamta. 9 Ati, ‘Manni kun akkuma Shiiloo ni taʼa; magaalaan kunis ni barbadoofti, akkasumas bakka namni keessa hin jiraanne ni taati’ jettee maqaa Yihowaatiin raajii kan dubbatte maaliifi?” Namoonni hundis mana Yihowaa keessatti Ermiyaasitti marsan.

10 Bulchitoonni Yihudaas yommuu dubbii kana dhagaʼan, mana* mootichaatii gara mana Yihowaa dhufanii karra mana Yihowaa isa haaraa dura taaʼan.+ 11 Luboonnii fi raajonni sun bulchitootaa fi guutummaa sabichaatiin, “Namichi kun akkuma amma isin gurra keessaniin dhageessanitti magaalaa kana irratti raajii waan dubbateef,+ duʼaan adabamuu qaba”+ jedhan.

12 Ermiyaasis bulchitoota sana hundumaa fi guutummaa sabichaatiin akkana jedhe: “Dubbii raajii isin dhageessan kana hundumaa mana kanaa fi magaalaa kana irratti akkan dubbadhu kan na erge Yihowaa dha.+ 13 Kanaafuu, amma daandiiwwan keessanii fi gochawwan keessan jijjiiraa, sagalee Waaqa keessan Yihowaatiifis ajajamaa; Yihowaanis badiisa isin irratti fiduuf dubbate sana ilaalchisee yaada isaa ni jijjiira.*+ 14 Ani garuu harka keessan irran jira. Wanta gaarii fi sirrii taʼee isinitti mulʼate akkamii iyyuu na irratti raawwadhaa. 15 Dubbii kana hundumaa utuma isin dhageessanii akkan dubbadhu kan isinitti na erge dhugumaan Yihowaa waan taʼeef, yoo na ajjeestan dhiiga qulqulluu dhangalaasuudhaan of irratti, magaalaa kana irrattii fi jiraattota ishii irratti yakka fiduu keessan akka taʼe dhugumaan beekaa.”

16 Achiis bulchitoonnii fi guutummaa sabichaa lubootaa fi raajota sanaan, “Namichi kun maqaa Waaqa keenya Yihowaatiin waan nutti dubbateef, duʼaan adabamuu hin qabu” jedhan.

17 Jaarsoliin biyyattii tokko tokkos kaʼanii guutummaa gumii sabichaatiin akkana jedhan: 18 “Bara Hisqiyaas+ mootii Yihudaatti, Miikiyaas+ inni nama Moresheet taʼe raajii dubbachaa ture; guutummaa saba Yihudaatiinis akkana jedhe: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

“Xiyoon akkuma maasiitti ni qotamti,

Yerusaalem tuullaa diiggaa ni taati,+

Gaarri Manichaas* akkuma iddoowwan ol kaʼoo bosona keessa jiranii* ni taʼa.”’+

19 “Yeroo sanatti Hisqiyaas Mootichii fi guutummaan Yihudaa isa ajjeesaniiruu? Inni Yihowaa sodaatee Yihowaan gara laafina akka isatti argisiisu hin kadhannee? Kanaan kan kaʼes, Yihowaan badiisa isaan irratti akka fidu dubbate sana ilaalchisee yaada isaa hin jijjiirree?*+ Kunoo, nuti badiisa guddaa of* irratti fiduuf jenna.

20 “Namni maqaa Yihowaatiin raajii dubbate kan biraanis jira ture; innis Uuriyaa ilma Shemaayaa isa Qiriyaat Yeʼariimii+ dhufe yeroo taʼu, inni magaalaa kanaa fi biyya kana irratti raajii isa Ermiyaas dubbatee wajjin wal fakkaatu dubbateera. 21 Yehoyaaqiim+ mootichi, namoonni isaa warri jajjaboon hundii fi bulchitoonni isaa hundi wanta inni dubbate ni dhagaʼan; mootichis isa ajjeesuu barbaade.+ Uuriyaanis akkuma kana dhagaʼeen sodaatee gara Gibxiitti baqate. 22 Achiis Yehoyaaqiim Mootichi Elnaataan+ ilma Akboorii fi namoota kan biroo gara Gibxiitti erge. 23 Isaanis Uuriyaa Gibxiidhaa fidanii Yehoyaaqiim Mootichatti kennan; innis goraadeedhaan isa ajjeesee+ reeffa isaa iddoo awwaalchaa namoonni hundi itti awwalamanitti gate.”

24 Haa taʼu malee, Ermiyaas namootatti dabarfamee kennamee akka hin ajjeefamneef,+ Ahiqaam+ ilmi Shaafaan+ isa ni gargaare.

27 Jalqaba bulchiinsa Yehoyaaqiim* ilma Yosiyaas mootii Yihudaatti, dubbiin akkana jedhu Yihowaa biraa gara Ermiyaas ni dhufe: 2 “Yihowaan akkana naan jedhe: ‘Hidhaa fi waanjoo tolfadhuutii morma kee irra kaaʼi. 3 Wantoota kanas gara mootii Edoom,+ mootii Moʼaab,+ mootii Amoonotaa,+ mootii Xiirosii+ fi mootii Siidoonitti,+ karaa ergamtoota gara Yerusaalem, gara Zedeeqiyaa mootii Yihudaa dhufan sanaa ergi. 4 Gooftolii isaaniitiif ajaja akkana jedhu akka dabarsan itti himi:

“‘“Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: gooftolii keessaniin akkana jedhaa: 5 ‘Humna koo isa guddaa fi irree koo isa diriirfameen lafa, ilmaan namootaa fi bineensota lafa irra jiran kan uume ana dha; isas naman barbaadeef* kenneera.+ 6 Ammas ani biyyoota kana hundumaa tajaajilaa koo kan taʼe Nebukadnezaar mootii Baabiloniif kenneera;+ akka isa tajaajilaniif bineensota bosonaa illee isaaf kenneera. 7 Hamma yeroon biyyi isaa itti kufu gaʼutti, jechuunis hamma saboonni hedduunii fi mootummoonni guguddaan isa garboomfatanitti,+ saboonni hundi isa, ilma isaa fi ilma ilma isaa ni tajaajilu.’+

8 “‘“‘Sabni yookiin mootummaan kam iyyuu Nebukadnezaar mootii Baabiloniin tajaajiluu fi morma isaa waanjoo mootii Baabilon jala galchuu yoo dide, ani hamman harka isaatiin isaan fixutti saba sana goraadeedhaan, beelaa fi golfaadhaan* nan adaba’+ jedha Yihowaan.

9 “‘“‘Kanaafuu, raajota keessan, warra hooda isiniif dubbatan, warra abjuu isiniif abjuʼatan, warra falfala isiniif raawwatanii fi warra milkii isiniif ilaalan warra, “Isin mootii Baabiloniin hin tajaajiltan” isiniin jedhan sana hin dhagaʼinaa. 10 Sababiin isaas, isaan raajii sobaa isinitti dubbachaa jiru; yoo isaan dhageessan biyya keessan irraa gara bakka fagootti ni geeffamtu; ani isin nan bittinneessa, isinis ni baddu.

11 “‘“‘Sabni morma isaa waanjoo mootii Baabilon jala galchuu fi isa tajaajilu garuu, biyya isaa akka misoomsuu fi akka ishii keessa jiraatuuf, biyyuma isaa keessatti akka hafu* isaaf nan heyyama’ jedha Yihowaan.”’”

12 Kana malees, ani Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaatiinis akkana nan jedhe: “Morma kee waanjoo mootii Baabilon jala galchiitii isaa fi saba isaa tajaajili, atis lubbuudhaan ni jiraatta.+ 13 Atis taate sabni kee akkuma Yihowaan saboota warra mootii Baabilon hin tajaajille ilaalchisee dubbate sanaatti goraadeedhaan,+ beelaa+ fi golfaadhaan maaliif duutu?+ 14 Isaan raajii sobaa isinitti dubbachaa waan jiraniif,+ dubbii raajota warra, ‘Isin mootii Baabiloniin hin tajaajiltan’+ isiniin jedhan sanaa hin dhagaʼinaa.

15 “‘Sababiin isaas, ani isaan hin ergine; taʼus isaan maqaa kootiin raajii sobaa dubbachaa jiru; kanaan kan kaʼes, ani isin nan bittinneessa; isinis taatan raajonni warri raajii sobaa isinitti dubbatan ni baddu’ jedha Yihowaan.”+

16 Kana malees ani lubootaa fi saba kana hundumaatiin akkana nan jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Isaan raajii sobaa isinitti dubbachaa waan jiraniif,+ dubbii raajota keessanii warra, “Kunoo, dhiheenyatti miʼawwan mana Yihowaa Baabilon irraa ni deebifamu!”+ jedhanii raajii isinitti dubbatan sanaa hin dhagaʼinaa. 17 Isaan hin dhagaʼinaa. Mootii Baabilon tajaajilaa, lubbuudhaanis ni jiraattu.+ Magaalaan kun ona akka taatu maaliif gootu? 18 Haa taʼu malee, isaan raajota yoo taʼanii fi dubbiin Yihowaa isaan bira jira yoo taʼe, maaloo isaan miʼawwan mana Yihowaa keessatti, mana* mootii Yihudaa keessattii fi Yerusaalem keessatti hafan gara Baabilonitti akka hin fudhatamne Yihowaa Gooftaa Raayyaa haa kadhatan.’

19 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa utubaawwan+ sana, Galaanicha,*+ gaariiwwan,+ akkasumas miʼawwan magaalaa kana keessatti hafan, 20 jechuunis miʼawwan Nebukadnezaar mootiin Baabilon yeroo Yekooniyaa ilma Yehoyaaqiim mootii Yihudaa guguddoota Yihudaa fi guguddoota Yerusaalem hundumaa wajjin boojuudhaan Yerusaalem irraa gara Baabilonitti geessetti utuu hin fudhatin hafe sana ilaalchisee akkana jedha;+ 21 eeyyee, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa, miʼawwan mana Yihowaa keessatti, mana* mootii Yihudaa keessattii fi Yerusaalem keessatti hafan ilaalchisee akkana jedha: 22 ‘“Isaan gara Baabilonitti ni geeffamu;+ hamma guyyaa ani xiyyeeffannaa koo gara isaaniitti itti deebisuttis achuma ni turu. Achiis deebisee isaan nan fida, iddoo kanattis isaan nan deebisa” jedha Yihowaan.’”+

28 Wagguma sanatti, jalqaba bulchiinsa Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaatti, waggaa arfaffaatti, jiʼa shanaffaatti, Hanaaniyaan raajichi ilmi Azuur inni Gibeʼon+ irraa dhufe mana Yihowaa keessatti lubootaa fi guutummaa sabichaa duratti akkana naan jedhe: 2 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsa.+ 3 Waggaa lama* gidduutti miʼawwan mana Yihowaa warra Nebukadnezaar mootiin Baabilon asii fuudhee gara Baabilonitti geesse hundumaa bakka kanatti nan deebisa.’”+ 4 “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani waanjoo mootii Baabilon waanan cabsuuf, Yikooniyaa+ ilma Yehoyaaqiim+ mootii Yihudaa, akkasumas namoota boojiʼamanii Yihudaadhaa gara Baabilonitti geeffaman hundumaa bakka kanatti nan deebisa.’”+

5 Achiis Ermiyaas raajichi lubootaa fi guutummaa sabichaa warra mana Yihowaa keessa dhaabbatanii jiran duratti Hanaaniyaa raajichatti ni dubbate. 6 Ermiyaas raajichi akkana jedhe: “Ameen!* Yihowaan akkana haa godhu! Yihowaan miʼawwan mana Yihowaa fi namoota boojiʼaman hundumaa Baabilon irraa gara bakka kanaatti deebisuudhaan, raajii ati dubbatte haa raawwatu! 7 Garuu maaloo, ergaa ani sittis taʼe namoota hundumaatti dubbadhu kana dhagaʼi. 8 Bara dheeraa dura raajonni anaa fi si dura turan biyyoota hedduu fi mootummoota guguddaa irratti waraanni, badiisnii fi golfaan* akka dhufu raajii ni dubbatu turan. 9 Raajiin tokko waaʼee nagaa raajii yoo dubbatee fi dubbiin raajii sanaa yoo raawwatame, dhugumaan raajii sana kan erge Yihowaa akka taʼe ni beekama.”

10 Yeroo kanatti Hanaaniyaan raajichi waanjoo sana morma Ermiyaas raajichaa irraa fuudhee ni cabse.+ 11 Achiis Hanaaniyaan guutummaa sabichaa duratti akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Anis akkuma kanaatti waggaa lama gidduutti waanjoo Nebukadnezaar mootii Baabilon morma saboota hundumaa irraa nan cabsa.’”+ Ermiyaas raajichis karaa isaa qajeele.

12 Hanaaniyaan raajichi waanjoo sana morma Ermiyaas raajichaa irraa erga cabsee booda, ergaan akkana jedhu Yihowaa biraa gara Ermiyaas ni dhufe: 13 “Dhaqiitii Hanaaniyaadhaan akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Ati waanjoo mukaa kana cabsiteetta;+ haa taʼu malee, bakka isaa waanjoo sibiilaa ni tolchita.” 14 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Isaan Nebukadnezaar mootii Baabilon akka tajaajilaniif, ani morma saboota kana hundumaa irra waanjoo sibiilaa nan kaaʼa; isaanis isa ni tajaajilu.+ Bineensota bosonaa illee isaaf nan kenna.”’”+

15 Achiis Ermiyaas raajichi Hanaaniyaa+ raajichaan akkana jedhe: “Yaa Hanaaniyaa, maaloo, dhagaʼi! Yihowaan si hin ergine; ati garuu sabni kun sobatti akka amanamu gooteetta.+ 16 Kanaan kan kaʼes, Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani lafa irraa sin balleessa. Yihowaa irratti fincila waan kakaasteef, ati waggaa kanatti ni duuta.’”+

17 Kanaafuu, Hanaaniyaan raajichi waggaa sanatti, jiʼa torbaffaatti ni duʼe.

29 Xalayaan Ermiyaas raajichi Yerusaalem irraa gara jaarsolii uummata boojiʼame gidduutti argamaniitti, gara lubootaatti, gara raajotaattii fi gara namoota Nebukadnezaar Yerusaalem irraa gara Baabilonitti boojuudhaan fudhate hundumaatti erge akkana jedha; 2 kunis kan taʼe, Yikooniyaan+ Mootichi, haati mootichaa,*+ abbootiin taayitaa mana mootummaa, bulchitoonni Yihudaa fi Yerusaalem, ogeeyyiin harkaa fi warri hojii sibiilaa hojjetan* Yerusaalem keessaa erga baʼanii booda ture.+ 3 Xalayaa kanas karaa Elʼaasaa ilma Shaafaanii+ fi karaa Gemaariyaa ilma Hilqiyaa warra Zedeeqiyaan+ mootiin Yihudaa gara Nebukadnezaar mootii Baabilonitti erge sanaa gara Baabilonitti ni erge. Xalayichis akkana jedha:

4 “Namoota boojiʼamanii Yerusaalem irraa gara Baabilonitti geeffaman sana hundumaa ilaalchisee Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: 5 ‘Manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa. Biqiltoota dhaabaatii firii isaanii nyaadhaa. 6 Haadha manaa fuudhaatii ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa godhadhaa; isaanis ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa akka godhataniif, ijoollee dhiiraa keessan fuusisaa, ijoollee durbaa keessanis heerumsiisaa. Achitti baayʼadhaa malee lakkoofsi keessan hin hirʼatin. 7 Isin nagaa kan argattan ishiin nagaa yoo argatte waan taʼeef, magaalaa ani boojiʼamtanii gara ishiitti akka geeffamtan godhe sanaaf nagaa barbaadaa; Yihowaas ishiidhaaf kadhadhaa.+ 8 Sababiin isaas, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Raajonni keessanii fi warri hooda isiniif dubbatan kanneen isin gidduutti argaman isin hin gowwoomsin;+ abjuu isaan abjuʼatanis hin dhagaʼinaa. 9 Sababiin isaas, ‘Isaan maqaa kootiin raajii sobaa isinitti dubbachaa jiru. Ani isaan hin ergine’+ jedha Yihowaan.”’”

10 “Yihowaan akkana jedha: ‘Waggaan 70ni Baabilonitti dabarsitan yommuu xumuramu, xiyyeeffannaa koo gara keessanitti nan deebisa;+ gara iddoo kanaatti isin deebisuudhaanis waadaan gale nan raawwadha.’+

11 “Yihowaan akkana jedha: ‘Wantan isiniif yaade akka gaariittan beeka; innis badiisa utuu hin taʼin nagaa+ dha; ani egeree gaarii fi abdii isiniif nan kenna.+ 12 Isin na waammattu; dhuftaniis kadhannaa natti dhiheeffattu; anis isin nan dhagaʼa.’+

13 “‘Kan na barbaaddattan garaa keessan guutuudhaan waan taʼuuf,+ isin na barbaaddattu, na argattus.+ 14 Anis isiniif nan argama’+ jedha Yihowaan. ‘Boojiʼamtoota keessan walitti nan qaba; sabootaa fi iddoowwan ani itti isin bittinneesse hundumaa keessaas walitti isin nan sassaaba.+ Gara iddoo ani irraa boojiʼamtanii akka fudhatamtan godhe sanaattis isin nan deebisa’+ jedha Yihowaan.

15 “Isin garuu, ‘Yihowaan Baabilon keessatti raajota nuuf kaaseera’ jettan.

16 “Yihowaan mooticha teessoo Daawit irra taaʼee jiruun,+ namoota magaalaa kana keessa jiraatan hundumaatiin, jechuunis obboloota keessan warra isinii wajjin boojuudhaan hin fudhatamneen akkana jedha: 17 ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Kunoo, ani goraadee, beelaa fi golfaa* isaanitti nan erga;+ akkasumas akkuma harbuu baayʼee tortoruu* isaatiin kan kaʼe nyaatamuu hin dandeenyee akka taʼan nan godha.”’+

18 “‘Kana malees, goraadeedhaan,+ beelaa fi golfaadhaan isaan nan ariʼa; mootummoota lafaa hundumaa biratti wanta nama sodaachisu akka taʼan nan godha;+ saboota warra ani itti isaan bittinneessu gidduuttis warra abaaraman, wanta nama ajaaʼibsiisu, warra itti siiqsamuu+ fi warra arrabsaman akka taʼan nan godha;+ 19 sababiin isaas, irra deddeebiʼee* raajota tajaajiltoota koo taʼan gara isaaniitti kanan erge taʼus, isaan dubbii koo isan karaa isaanii isaanitti erge sana hin dhageenye’+ jedha Yihowaan.

“‘Haa taʼu malee, isinis hin dhageenye’+ jedha Yihowaan.

20 “Kanaafuu, isin warri boojiʼamtan hundi, jechuunis warri ani Yerusaalem irraa gara Baabilonitti erge, dubbii Yihowaa dhagaʼaa. 21 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa, Ahaab ilma Qolaayaa fi Zedeeqiyaa ilma Maaʼaaseyaa warra maqaa kootiin raajii sobaa dubbachaa jiran+ ilaalchisee akkana jedha: ‘Kunoo, ani harka Nebukadnezaar* mootii Baabilonitti dabarsee isaan nan kenna; innis ijuma keessan duratti isaan ni ajjeesa. 22 Wanti isaan irra gaʼus, abaarsa namoonni Yihudaadhaa boojiʼamanii Baabilon keessa jiran hundi, “Yihowaan akkuma Zedeeqiyaa fi Ahaab warra mootiin Baabilon ibiddaan waade sanaa si haa godhu!” jedhanii dubbatan ni taʼa; 23 sababiin isaas, isaan haadhotii manaa namoota kan biroo wajjin ejja raawwachuudhaan, akkasumas utuun isaan hin ajajin maqaa kootiin dubbii sobaa dubbachuudhaan+ Israaʼel keessatti gocha salphinaa raawwataniiru.+

“‘“Ani wanta kana beeka, kanaafis ragaa dha”+ jedha Yihowaan.’”

24 “Shemaayaa+ isa nama Nehelaam taʼe sanaan akkana jedhi: 25 ‘Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Ati gara namoota Yerusaalem keessa jiran hundumaatti, gara Sefaaniyaa+ ilma Maaʼaaseyaa isa luba taʼettii fi gara luboota hundumaatti akkana jettee maqaa keetiin xalayaa ergiteetta: 26 ‘Mana Yihowaa irratti ilaaltuu ol aanaa akka taatuuf, akkasumas nama maraatee akka raajii taʼu hundumaa irratti aangoo akka qabaattuu fi jirma* gidduu galchitee akka isa hiituuf, Yihowaan bakka Yehoyaadaa lubichaa luba si godheera;+ 27 maarree, ati Ermiyaas nama Anaatot+ isa isin duratti akka raajii taʼu sana kan hin adabne maaliifi?+ 28 Sababiin isaas inni dhaamsa, “Boojuun kun bara dheeraa tura! Manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa. Biqiltoota dhaabaatii firii isaanii nyaadhaa,+ . . .” jedhu illee gara Baabilonitti nuuf ergeera.’”’”

29 Sefaaniyaan+ lubichi utuma Ermiyaas raajichi dhagaʼuu xalayaa kana yommuu dubbisu, 30 dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Ermiyaas ni dhufe: 31 “Akkana jedhiitii namoota boojiʼaman hundumaatti dhaamsa ergi: ‘Yihowaan Shemaayaa isa nama Nehelaam taʼe sana ilaalchisee akkana jedha: “Ani kan isa hin ergine taʼus, Shemaayaan raajii waan isiniif dubbateef, akkasumas sobatti akka amanamtan gochuuf waan yaaleef,+ 32 Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani xiyyeeffannaa koo gara Shemaayaa isa nama Nehelaam taʼettii fi gara sanyii isaatti nan deebisa. Inni Yihowaa irratti fincila waan kakaaseef, saba kana keessaa namni kan isaa taʼe tokko illee lubbuudhaan hin oolu, innis wanta gaarii ani saba kootiif godhu hin argu’ jedha Yihowaan.”’”

30 Dubbiin akkana jedhu Yihowaa biraa gara Ermiyaas ni dhufe: 2 “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Dubbii ani sitti himu hundumaa kitaaba irratti barreessi. 3 Sababiin isaas, “Kunoo, guyyaan ani saba koo warra boojiʼaman, jechuunis Israaʼelii fi Yihudaa itti walitti qabu ni dhufa”+ jedha Yihowaan; “Gara biyya ani abbootii isaaniitiif kennettis isaan nan deebisa; isaan ammas deebiʼanii ishii ni dhaalu”+ jedha Yihowaan.’”

4 Dubbiin Yihowaan Israaʼelii fi Yihudaatti dubbate kana dha.

 5 Yihowaan akkana jedha:

“Nuti sagalee namoota sodaadhaan iyyanii dhageenyeerra;

Naasuu malee nagaan hin jiru.

 6 Mee maaloo, dhiirri daʼuu kan dandaʼu taʼuu isaa gaafadhaa.

Maarree, dhiirri jabaan hundi

Akkuma dubartii ciniinsuu irra jirtuutti garaa* isaa utuu qabatuu kanan argu maaliifi?+

Fuulli hundi kan daalachaaʼe maaliifi?

 7 Guyyaan sun sodaachisaa* waan taʼeef, wayyoo!+

Kan akka isaa hin jiru,

Guyyichi Yaaqoobiif yeroo sodaachisaa taʼe dha.

Taʼus inni guyyicha irraa ni oola.”

8 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Guyyaa sanatti ani morma kee irraa waanjoo nan cabsa; hidhaa kees bakka lamatti nan kuta; kana booda warri biyya ormaa garba isa* hin godhatan. 9 Isaan Waaqa isaanii Yihowaa fi mootii isaanii Daawit isan isaaniif kaasu ni tajaajilu.”+

10 “Tajaajilaa koo kan taate yaa Yaaqoob, hin sodaatin,

Yaa Israaʼel, hin naʼin.+

Sababiin isaas, ani siin biyya fagoo irraa,

Sanyii kees biyya boojiʼamanii itti fudhataman irraa nan deebisa.+

Yaaqoob ni deebiʼa, utuu hin jeeqamin tasgabbiidhaan ni jiraata,

Kan isa sodaachisus hin jiraatu” jedha Yihowaan.+

11 “Sababiin isaas, ani si oolchuuf sii wajjinan jira.

Saboota ani gidduu isaaniitti si bittinneesse hundumaa haxaaʼee nan balleessa;+

Siin garuu haxaaʼee hin balleessu.+

Ani hamma siif malu sin adaba* malee,

Matumaa utuun si hin adabin hin dhiisu”+ jedha Yihowaan.

12 Sababiin isaas, Yihowaan akkana jedha:

“Cabni kee hin fayyu.+

Madaan kees fayyuu kan hin dandeenye dha.

13 Dhimma keetiif kan falmu hin jiru,

Madaan kee karaa itti fayyu hin qabu.

Ati fayyuu hin dandeessu.

14 Warri baayʼee si jaallatan hundi si irraanfataniiru.+

Isaan kana booda si hin barbaadan.

Ani yakka kee isa guddaa taʼee fi cubbuuwwan kee warra hedduu taʼaniin kan kaʼe,+

Rukuttaa diinaatiin si rukuteera,+

Adaba nama gara jabeessa taʼeetiinis si adabeera.

15 Caba keetiin kan kaʼe kan iyyitu maaliifi?

Dhukkubbiin kee fayyuu kan hin dandeenye dha!

Yakka kee isa guddaa taʼee fi cubbuuwwan kee warra hedduu taʼaniin kan kaʼe,+

Ani wanta kana si irratti raawwadheera.

16 Kanaafuu, warri si nyaatan hundi ni nyaatamu,+

Diinonni kee hundis boojuudhaan ni fudhatamu.+

Warri si boojiʼan ni boojiʼamu,

Warra si saaman hundumaas saamichatti dabarsee nan kenna.”+

17 “Isaan kan gatamte akka taate yoo dubbatanii fi

‘Xiyoon ishii eenyu iyyuu hin barbaanne’ yoo siin jedhan iyyuu,+

Ani garuu fayyaa kee siif nan deebisa, madaa kees nan fayyisa”+ jedha Yihowaan.

18 Yihowaan akkana jedha:

“Kunoo, ani warra dunkaanota Yaaqoob keessaa boojiʼaman walitti nan qaba,+

Godoowwan qulqulluu isaatiifis nan gadda.

Magaalattiin tabba ishii irratti deebitee ni ijaaramti,+

Masaraan cimaan sunis iddoo isaa isa sirrii taʼe irra ni dhaabbata.

19 Isaan keessaas galannii fi sagaleen kolfaa ni baʼa.+

Ani isaan nan baayʼisa, isaan hin xinnaatan;+

Hedduu* isaan nan godha,

Lakkoofsi isaaniis hin xiqqaatu.+

20 Ilmaan isaa akkuma bara durii ni taʼu,

Yaaʼiin isaas na duratti jabaatee ni dhaabbata.+

Ani warra isa cunqursan hundumaa nan adaba.+

21 Saba isaa keessaa inni ulfina qabeessa taʼe,

Gidduu isaatiis inni isaaf bulchaa taʼe ni baʼa.

Inni akka natti siqu nan godha, innis natti ni dhihaata.”

“Taʼuu baannaan garuu, eenyutu natti dhihaachuuf onnata?”* jedha Yihowaan.

22 “Isin saba koo ni taatu,+ anis Waaqa keessan nan taʼa.”+

23 Kunoo, dheekkamsi Yihowaa akkuma obomboleettiitti humnaan ni baʼa;+

Akkuma bubbee haxaaʼee sokkuuttis mataa hamootaa irratti saffisaan gad ni buʼa.

24 Yihowaan hamma fedhii garaa isaa raawwatuttii fi fiixaan baasutti,

Dheekkamsi isaa inni bobaʼu duubatti hin deebiʼu.+

Guyyoota dhumaatti kana ni hubattu.+

31 “Yeroo sanatti, ani maatiiwwan Israaʼel hundumaatiif Waaqa nan taʼa, isaanis saba koo ni taʼu” jedha Yihowaan.+

 2 Yihowaan akkana jedha:

“Yeroo Israaʼel gara bakka boqonnaa isaa deemaa turetti,

Sabni goraadee irraa oole lafa onaa keessatti fudhatama ni argate.”

 3 Yihowaan fagoo irraa natti mulʼatee akkana naan jedhe:

“Jaalala bara baraatiin si jaalladheera.

Jaalala amanamaadhaan kanan ofitti si harkise* kanaafi.+

 4 Ammas deebisee sin ijaara, atis deebitee ni ijaaramta.+

Yaa durba Israaʼel, ati ammas dibbee kee ni fudhatta,

Gammachuudhaan shubbisaas* gad ni baata.+

 5 Ati ammas gaarota Samaariyaa irratti muka wayinii ni dhaabbatta;+

Warri biqiltuu dhaabanis muka wayinii ni dhaabbatu, firii isaas ni nyaatu.+

 6 Sababiin isaas, guyyaan waardiyyoonni gaarota Efreem irratti argaman,

‘Kaʼaa, gara Xiyoonitti, gara Waaqa keenya Yihowaatti ol haa baanu’ itti jedhan ni dhufa.”+

 7 Yihowaan akkana jedha:

“Yaaqoobiif gammachuudhaan faarfadhaa.

Isin saboota kaan irra waan caaltaniif ililchaa.+

Kana labsaa; jajannaa dhiheessaa,

‘Yaa Yihowaa, saba kee warra Israaʼel keessaa hafan oolchi’ jedhaa.+

 8 Ani biyya kaabaatii deebisee isaan nan fida.+

Andaara lafaa irraas walitti isaan nan qaba.+

Isaan gidduus inni qaro dhabeessii fi inni naafti,+

Dubartiin ulfaa fi ishiin daʼuu jala geesse walumaan ni jiraatu.

Isaan gumii guddaa taʼanii asitti ni deebiʼu.+

 9 Isaan booʼaa ni dhufu.+

Fudhatama argachuuf yommuu kadhatanitti deebisee isaan nan fida.

Gara yaaʼaawwan bishaaniitti isaan nan fida,+

Daandii wal qixa taʼee fi isaan hin gufachiisne irra isaan nan geggeessa.

Sababiin isaas, ani Abbaa Israaʼeli, Efreemis ilma koo isa angafaa ti.”+

10 Isin saboonni, dubbii Yihowaa dhagaʼaa,

Odolawwan fagoo jiran gidduuttis akkana jedhaa labsaa:+

“Inni Israaʼeliin bittinneesse walitti isa ni qaba.

Akkuma tikseen bushaayee isaa eegutti inni isa ni eega.+

11 Sababiin isaas, Yihowaan Yaaqoobiin ni fura,+

Harka isa isa caalaa jabaa taʼe sanaa jalaas isa ni oolcha.*+

12 Isaan dhufanii iddoo ol kaʼaa Xiyoon irratti ni ililchu,+

Gaarummaa Yihowaatti,*

Midhaanitti, daadhii wayinii haaraatti,+ zayitiitti,

Ilmoolee bushaayee fi jabbileetti ni gammadu.+

Isaan akkuma iddoo biqiltuu akka gaariitti bishaan argatuu ni taʼu,+

Matumaas deebiʼanii hin laafan.”+

13 “Yeroo sanatti durbi gammachuudhaan ni shubbisti,

Dargaggoonnii fi maanguddoonnis gammachuudhaan waliin ni shubbisu.+

Gadda isaanii gara gammachuutti nan jijjiira.+

Ani isaan nan jajjabeessa, bakka gadda isaaniis gammachuu isaaniif nan kenna.+

14 Lubootaaf* nyaata hedduu* kennuudhaan isaan nan quubsa,

Sabni koos gaarummaa kootiin ni quufa”+ jedha Yihowaan.

15 “Yihowaan akkana jedha:

‘Sagaleen gaddaa fi boʼichi cimaan Raamaa+ keessaa ni dhagaʼame:

Raahel ilmaan* ishiitiif ni boosse.+

Isaan waan dhumaniif,

Duʼa ilmaan ishii irraa jajjabaachuu hin dandeenye.’”+

16 Yihowaan akkana jedha:

“‘Gocha keessaniif badhaasa waan argattaniif,

Sagalee keessan booʼicha irraa, ija keessanis imimmaan dhangalaasuu irraa dhowwaa.

Isaan biyya diinaa keessaa ni deebiʼu’ jedha Yihowaan.+

17 ‘Ati gara fuulduraatti abdii qabda.+

Ilmaan kee gara naannoo isaaniitti ni deebiʼu’ jedha Yihowaan.”+

18 “Efreem aaduu isaa ani dhugumaan dhagaʼeera,

‘Ati akkuma jabbii hin leenjifamneetti,

Na sirreessite, anis of nan sirreesse.

Ati Waaqa koo Yihowaa waan taateef,

Na deebisi, anis yeruma sana nan deebiʼa.

19 Sababiin isaas, ani ergan deebiʼee booda nan gaabbe;+

Ergan hubachiifamee boodas gaddaan tafa koo nan rukute.

Arrabsoo ijoollummaa kootti na irra gaʼe waanan baadheef,

Nan qaanaʼe, nan salphadhes.’”+

20 “Efreem ilma koo isan iddoo guddaa kennuuf, mucaa koo isa jaallatamaa mitii?+

Ani yeroo baayʼee kanan isatti dheekkamu taʼus, amma iyyuu isa nan yaadadha.

Marʼimaan koo kan isaaf raafamu kanaafi.+

Ani dhugumaan isaaf nan gadda” jedha Yihowaan.+

21 “Ofii keetiif mallattoowwan daandii dhaabi,

Utubaawwan dhagaas kaaʼi.+

Daandii guddaa isa irra deemuu qabdu sanaaf xiyyeeffannaa kenni.+

Yaa durba Israaʼel, deebiʼi, gara magaalota kee kanaatti deebiʼi.

22 Yaa durba amanamtuu hin taane nana, hamma yoomiitti asii fi achi jetta?

Sababiin isaas, Yihowaan lafa irratti wanta haaraa uumeera:

Dubartiin hawwiidhaan dhiira barbaaddatti.”

23 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Yommuun boojiʼamtoota isaanii deebisee walitti qabutti, isaan biyya Yihudaa fi magaalota ishii keessatti ammas irra deebiʼanii, ‘Yaa iddoo jireenyaa qajeelaa nana,+ yaa gaara qulqulluu nana,+ Yihowaan si haa eebbisu’ jedhu. 24 Yihudaanii fi magaalonni ishii hundi, akkasumas qonnaan bultoonnii fi warri bushaayee tiksan ishii keessa waliin ni jiraatu.+ 25 Sababiin isaas, ani isa* butute nan haaromsa, isa* laafe hundumaas nan quubsa.”+

26 Yeroo kanatti dammaqee ija koo nan banadhe, hirribni koos miʼaawaa ture.

27 “Kunoo, guyyaan ani mana Israaʼelii fi mana Yihudaa irratti sanyii namaa fi sanyii horii itti facaasu ni dhufa” jedha Yihowaan.+

28 “Akkuman isaan buqqisuuf, jigsuuf, diiguuf, balleessuu fi miidhaa geessisuuf isaan hordofaa turetti,+ isaan ijaaruu fi dhaabuufis isaan nan hordofa”+ jedha Yihowaan. 29 “Guyyoota sanatti isaan lammata, ‘Firii wayinii dhangaggaaʼaa kan nyaatan abbootii dha; garuu ilkaan ilmaan isaanii ni hadoode’*+ hin jedhan. 30 Kanaa mannaa, tokkoon tokkoon namaa balleessaa ofii isaatiin ni duʼa. Namni firii wayinii dhangaggaaʼaa nyaatu kam iyyuu ilkaanuma isaatu hadooda.”

31 Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, guyyoonni ani mana Israaʼelii fi mana Yihudaa wajjin kakuu haaraa itti galu ni dhufu.+ 32 Kunis akka kakuu isa yeroon biyya Gibxiitii isaan baasuuf harka isaanii qabetti abbootii isaanii wajjin gale sanaa miti;+ ‘ani gooftaa isaanii isa dhugaa* yoon taʼe iyyuu, isaan kakuu koo cabsaniiru’ jedha Yihowaan.”+

33 “Guyyoota sana booda kakuun ani mana Israaʼelii wajjin galu isa kana. Ani seera koo isaan keessa nan kaaʼa,+ garaa isaanii keessattis nan barreessa.+ Ani Waaqa isaanii nan taʼa, isaanis saba koo ni taʼu” jedha Yihowaan.+

34 Yihowaan akkana jedha: “Sana booda isaan keessaa eenyu iyyuu, ‘Yihowaa beeki!’ jedhee nama kan biraas taʼe obboleessa isaa hin barsiisu;+ sababiin isaas, isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti hundi isaanii iyyuu na beeku.+ Ani balleessaa isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis sana booda hin yaadadhu.”+

35 Yihowaan inni

Guyyaa ifa akka kennituuf aduu tolche,

Halkan ifa akka kennaniifis seerawwan* addeessaa fi urjiilee qopheesse,

Inni galaana sochoosee dambaliiwwan isaa warraaqsu,

Inni maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼe akkana jedha:+

36 “‘Sanyiin Israaʼel yeroo hundumaatiif na duratti saba taʼuun isaa kan hafu,

Dambiiwwan kun yoo diigaman qofa dha’ jedha Yihowaan.”+

37 Yihowaan akkana jedha: “‘Wanta isaan raawwatan hundumaatiif sanyii Israaʼel hundumaa kanan gatu, samiiwwan ol gubbaatti argaman safaruun, hundeewwan lafaa warra gaditti argaman biras gaʼuun yoo dandaʼame qofa dha’ jedha Yihowaan.”+

38 Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, Masaraa Hanaanʼel+ irraa jalqabee hamma Karra Golee+ sanaatti guyyaan magaalaan sun Yihowaadhaaf itti ijaaramtu ni dhufa.+ 39 Funyoon safaraa+ kallattiidhaan gara tabba Gaarebitti ol ni baʼa, achiis gara Goʼaatti ni naannaʼa. 40 Sululli* reeffotaa fi sululli daaraawwanii* hundi, akkasumas maasiiwwan hamma Sulula Qedroonitti,+ kallattii bahaatiin hamma qarqara Karra Fardaatti+ argaman hundi, Yihowaadhaaf qulqulluu ni taʼu.+ Inni matumaa lammata hin buqqifamu yookiin hin diigamu.”

32 Waggaa 10ffaa Zedeeqiyaa mootii Yihudaatti, jechuunis waggaa 18ffaa Nebukadnezaar* mootii Baabilonitti dubbiin Yihowaa biraa gara Ermiyaas dhufe isa kana.+ 2 Yeroo sanatti raayyaan waraanaa mootii Baabilon Yerusaalemitti marsee ture; Ermiyaas raajichis Mooraa Eegdotaa+ isa mana* mootii Yihudaa keessatti argamu keessatti hidhamee ture. 3 Sababiin isaas, Zedeeqiyaan mootiin Yihudaa akkana jedhee isa hidhee ture:+ “Raajii akkanaa maaliif dubbatta? Ati akkana jette: ‘Yihowaan akkana jedha: “Ani magaalaa kana harka mootii Baabilonitti dabarsee nan kenna; innis ishii ni qabata;+ 4 Zedeeqiyaan mootiin Yihudaas Kaladoota jalaa hin miliqu; kanaa mannaa, dhugumaan harka mootii Baabilonitti dabarfamee ni kennama; innis fuulaa fuulatti isatti ni dubbata, ijaa ijattis isa ni ilaala.”’+ 5 ‘Inni Zedeeqiyaa gara Baabilonitti ni geessa; xiyyeeffannaa koo hamman gara isaatti deebisuttis achuma tura. Isin Kaladoota waraanuu keessan yoo itti fuftan iyyuu milkaaʼina hin argattan’ jedha Yihowaan.”+

6 Ermiyaas akkana jedhe: “Dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 7 ‘Kunoo, Hanaamiʼel ilmi Shaalum wasiila keetii gara kee dhufee, “Ati deebistee isa bitachuuf mirga jalqabaa waan qabduuf,+ maasii koo isa Anaatot keessatti argamu bitadhu”+ siin jedha.’”

8 Akkuma Yihowaan jedhettis Hanaamiʼel ilmi wasiila kootii Mooraa Eegdotaa keessatti gara koo dhufee, “Ati dhaaluufis taʼe deebistee bitachuuf mirga waan qabduuf, maaloo maasii koo isa biyya Biiniyaamitti Anaatot keessatti argamu sana bitadhu. Ofii keetiif isa bitadhu” naan jedhe. Yeroo kanatti, kun akkuma Yihowaan jedhe taʼuu isaa nan beeke.

9 Kanaafuu, Hanaamiʼel ilma wasiila kootii irraa maasii Anaatot keessatti argamu sana nan bitadhe. Maallaqicha, jechuunis sheeqilii* torbaa fi meetii sheeqilii kudhan isaaf nan madaale.+ 10 Achiis walii galtee sana nan barreesse,+ chaappaa irratti godhee nan saamse, ragoota nan waame,+ maallaqichas madaalliidhaan nan madaale. 11 Walii galtee bittaa, jechuunis walii galtee isa akka ajaja sanaattii fi akka ulaagaa seeraatti chaappaan irratti godhamee saamsame sana, akkasumas isa hin saamsamne sana nan fudhadhe; 12 achiis waliigaltee bittaa sana Hanaamiʼel ilma wasiila kootii, ragoota waliigaltee sana irratti barreessanii fi Yihudoota warra Mooraa Eegdotaa+ keessa taaʼanii jiran hundumaa duratti Baaruk+ ilma Neriyaa+ ilma Maaseyaatti nan kenne.

13 Achiis isaan duratti akkana jedhee Baarukiin nan ajaje: 14 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Walii galtee kana, jechuunis walii galtee bittaa isa chaappaan irratti godhamee saamsamee fi isa hin saamsamne kana fuudhiitii, yeroo dheeraa akka turuuf miʼa suphee irraa tolfame keessa kaaʼi.’ 15 Sababiin isaas, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Ammas biyya kana keessatti manneen, maasiiwwanii fi maasiiwwan wayinii ni bitamu.’”+

16 Walii galtee bittaa sana Baaruk ilma Neriyaatti ergan kennee booda, akkana jedheen gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesse: 17 “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, kunoo ati humna kee isa guddaa fi irree kee isa diriirfameen samiiwwanii fi lafa tolchiteetta.+ Wanti siif hin dandaʼamne tokko illee hin jiru; 18 ati isa jaalala amanamaa kumaatamatti argisiisu, isa balleessaa abbootiin raawwatan ilmaan isaanii* warra isaan booda dhufanitti deebisu,+ Waaqa dhugaa, isa guddaa fi isa jabaa, isa maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼe sana dha. 19 Gorsi kee guddaa dha,* gochi kees jabaa dha;+ tokkoon tokkoon namaatiif akka daandii isaattii fi akka hojii isaatti isaaf kennuuf,+ ijji kee daandii namootaa hundumaa ni ilaala.+ 20 Ati biyya Gibxii keessatti mallattoowwanii fi dinqiiwwan hamma harʼaatti beekaman raawwatteetta; akka kanaan, akkuma harʼa taʼetti Israaʼel keessatti, ilmaan namootaa gidduuttis ofii keetiif maqaa beekamaa taʼe qabaatteetta.+ 21 Saba kee Israaʼeliinis mallattoowwaniin, dinqiiwwaniin, harka jabaadhaan, irree diriirfameen, akkasumas gochawwan sodaachisoo taʼaniin biyya Gibxii keessaa baasteetta.+

22 “Yeroo boodas, biyya aannanii fi damma maddisiistu,+ ishii abbootii isaaniitiif kennuuf kakatte+ kana isaaniif kenniteetta. 23 Isaan seenanii kan ishii dhaalan taʼus, sagalee keetiif hin ajajamne yookiin seera keetiin hin deddeebine. Wanta ati isaan ajajje tokko illee waan hin raawwanneef, badiisni kun hundi akka isaan irra gaʼu ni goote.+ 24 Kunoo, namoonni dhufanii magaalattii qabachuuf ishiitti naannessanii biyyoo tuulaniiru;+ magaalattiinis sababa goraadeetiin,+ sababa beelaatiin, akkasumas sababa golfaatiin*+ harka Kaladoota warra ishii waraanaa jiran sanaa irratti dhugumaan ni kufti; akkuma amma argituttis wanti ati dubbatte hundi raawwatameera. 25 Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, magaalattiin dhugumaan harka Kaladootaatti dabarfamtee kan kennamtu taʼus ati, ‘Maasicha maallaqaan bitadhu, ragootas waami’ naan jetteetta.”

26 Yeroo kanatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Ermiyaas ni dhufe: 27 “Kunoo, ani Yihowaa isa Waaqa ilmaan namootaa* hundumaa taʼe dha. Wanti naaf hin dandaʼamne jiraa? 28 Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani magaalaa kana harka Kaladootaattii fi harka Nebukadnezaar* mootii Baabilonitti dabarsee nan kenna; innis ishii ni qabata.+ 29 Kaladoonni magaalaa kana waraananis seenanii magaalattiitti ibidda ni qabsiisu;+ magaalattii fi manneen warra namoonni baaxiiwwan isaanii irratti na dheekkamsiisuuf Baʼaaliif aarsaawwan dhiheessanii fi waaqolii kan birootiif aarsaawwan dhugaatii dhangalaasan+ sanas ni gubu.’

30 “‘Sababiin isaas, sabni Israaʼelii fi sabni Yihudaa ijoollummaa isaaniitii jalqabee wanta na duratti hamaa taʼe qofa raawwachaa jiru;+ sabni Israaʼel hojiiwwan harka isaaniitiin na dheekkamsiisuu isaanii itti fufaniiru’ jedha Yihowaan. 31 ‘Magaalaan kun guyyaa itti ishii ijaaran irraa jalqabee hamma harʼaatti na aarsuu fi na dheekkamsiisuu malee homaa wanta goote hin qabdu;+ kanaan kan kaʼes, ishiin ana duraa balleeffamuu qabdi;+ 32 kunis kan taʼu, wanta hamaa sabni Israaʼelii fi sabni Yihudaa raawwatan hundumaatiin kan kaʼe dha; hundumti isaanii, jechuunis mootonni isaanii,+ bulchitoonni isaanii,+ luboonni isaanii fi raajonni isaanii,+ akkasumas namoonni Yihudaa fi jiraattonni Yerusaalem na dheekkamsiisaniiru. 33 Isaan fuula isaanii utuu hin taʼin dugda isaanii natti garagalchan;+ irra deddeebiʼee* isaan barsiisuuf yaalii kanan godhe taʼus, tokkoon isaanii illee gorsa fudhachuuf na hin dhageenye.+ 34 Manicha xureessuufis waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼan mana maqaan koo itti waamamu keessa ni kaaʼan.+ 35 Kana malees, ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii ibiddaan gubanii Moleekiif dhiheessuuf,+ iddoowwan ol kaʼoo Baʼaal isa Sulula Ilma Hinoom*+ keessatti argamu ijaaraniiru; Yihudaa cubbuu hojjechiisuuf wanta jibbisiisaa akkanaa akka raawwatan ani isaan hin ajajne,+ matumaas garaa kootti hin yaanne.’*

36 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaan Raayyaa magaalaa isin goraadeedhaan, beelaa fi golfaadhaan harka mootii Baabilonitti akka kennamtu dubbattan kana ilaalchisee akkana jedha: 37 ‘Kunoo, biyyoottan ani dheekkamsa koo fi aarii koo isa guddaadhaan itti isaan bittinneesse hundumaa keessaa walitti isaan nan qaba;+ gara bakka kanaatti isaan deebisees tasgabbiidhaan akka jiraatan nan godha.+ 38 Isaan saba koo ni taʼu, anis Waaqa isaanii nan taʼa.+ 39 Yeroo hundumaa akka na sodaataniif garaa tokkoo+ fi daandii tokko isaaniif nan kenna; kunis isaaniifis taʼe ijoollee isaanii warra isaan booda dhufaniif gaarii akka taʼuufi.+ 40 Anis wanta gaarii isaaniif gochuu akkan hin dhiisne+ kakuu bara baraa isaanii wajjin nan gala;+ akka isaan ana irraa hin garagalleefis garaa isaanii keessa na sodaachuun akka jiraatu nan godha.+ 41 Wanta gaarii isaaniif gochuun na gammachiisa;+ garaa koo guutuu fi lubbuu* koo guutuudhaan biyya kana keessa jabeessee isaan nan dhaaba.’”+

42 “Sababiin isaas, Yihowaan akkana jedha: ‘Akkuman saba kana irratti badiisa guddaa kana hundumaa fide, wantoota gaggaarii ani isaaniif waadaa gale hundumaas isaaniif nan fida.+ 43 Isin, “Biyyi kun ona namnis taʼe horiin keessa hin jirre dha; Kaladootattis dabarfamtee kennamteetti” yoo jettan iyyuu biyya kana keessatti maasiin ammas ni bitama.’+

44 “‘Ani boojiʼamtoota isaanii deebisee waanan fiduuf,+ biyya Biiniyaam keessatti, iddoowwan naannoo Yerusaalemitti argaman keessatti, magaalota Yihudaa keessatti,+ magaalota naannoo gaarotaa keessatti, magaalota gammoojjii keessattii+ fi magaalota kibbaa keessatti maasiin maallaqaan ni bitama, walii galteenis barreeffamee chappaan irratti godhamee ni saamsama, ragoonnis ni waamamu’+ jedha Yihowaan.”

33 Utuma Ermiyaas Mooraa Eegdotaa+ keessatti hidhamee jiruu dubbiin Yihowaa akkana jedhu yeroo lammataatiif gara isaa ni dhufe: 2 “Yihowaan inni lafa uume, Yihowaan inni ishii tolchee fi cimsee ishii hundeesse, inni maqaan isaa Yihowaa jedhamu akkana jedha: 3 ‘Na waammadhu, anis siifan deebisa; wantoota guguddoo hubatamuu hin dandeenye warra ati hin beekne sitti nan hima.’”+

4 “Sababiin isaas, ani Yihowaan Waaqni Israaʼel manneen magaalaa kanaa fi manneen mootii Yihudaa warra tuullaa biyyoo sanaa fi goraadeedhaan kan kaʼe diigaman ilaalchisee,+ 5 akkasumas warra iddoowwan kana reeffa namoota ani aarii koo fi dheekkamsa kootiin rukute sanaatiin guutuuf Kaladoota waraanuuf dhufan, warra hammina isaaniitiin kan kaʼe fuula koo magaalaa kana jalaa akkan dhoksu godhan sana ilaalchisee akkana nan jedha: 6 ‘Kunoo, ishiin akka itti wayyaaʼuu fi akka fayyitu nan godha;+ isaan nan fayyisa, nagaa fi dhugaa hedduus isaaniif nan kenna.+ 7 Warra Yihudaa keessaa boojiʼamanii fi warra Israaʼel keessaa boojiʼaman deebisee nan fida;+ akkuman jalqaba godhettis isaan nan ijaara.+ 8 Balleessaa isaanii isa ittiin cubbuu na irratti raawwatan hundumaa irraa isaan nan qulqulleessa;+ cubbuu fi balleessaa isaan na irratti raawwatan hundumaas isaaniif nan dhiisa.+ 9 Ishiinis saboota lafaa warra gaarummaa ani isaaniif godhu hundumaa dhagaʼan hundumaa duratti anaaf maqaa gammachuu, akkasumas kanan ulfinaa fi miidhagina ittiin argadhu ni taati.+ Isaan gaarummaa fi nagaa ani ishiidhaaf kennu hundumaatiin kan kaʼe+ ni naʼu, ni hollatus.’”+

10 “Yihowaan akkana jedha: ‘Bakka ona namnis taʼe horiin keessa hin jiraanne jettan kana, magaalota Yihudaa fi daandiiwwan Yerusaalem warra ona taʼan warra namnis taʼe jiraattonni yookiin horiin keessa hin jiraanne keessatti ammas 11 sagaleen gammachuu fi sagaleen ililchuu,+ sagaleen misirrichaa fi sagaleen misirrittii, akkasumas sagaleen warra, “Yihowaan gaarii waan taʼeef,+ Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif galata galchaa; jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata!”+ jedhanii ni dhagaʼama.’

“‘Akkuma jalqabaatti warra biyyattii keessaa boojiʼaman deebisee waanan fiduuf, isaan kennaawwan galataa gara mana Yihowaatti ni fidu’+ jedha Yihowaan.”

12 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Iddoo ona namnis taʼe horiin keessa hin jirre kana keessatti, magaalota ishii hundumaa keessattis ammas iddoowwan dheedichaa tiksitoonni bushaayee isaanii itti boqochiisan ni jiraatu.’+

13 “‘Magaalota naannoo gaarotaa keessatti, magaalota gammoojjii keessatti, magaalota kibbaa keessatti, biyya Biiniyaam keessatti, iddoowwan naannoo Yerusaalemitti argaman keessattii+ fi magaalota Yihudaa keessatti,+ tiksitoonni ammas bushaayeewwan isaanii ni lakkaaʼu’ jedha Yihowaan.”

14 “Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, guyyaan ani waadaa gaarii mana Israaʼelii fi mana Yihudaa ilaalchisee gale itti raawwadhu ni dhufa.+ 15 Bara sanattii fi yeroo sanatti latii* qajeelaan tokko Daawitiif akka latu nan godha;+ innis biyyattii keessatti haqaa fi qajeelummaa ni fida.+ 16 Bara sanatti Yihudaan ni oolti;+ Yerusaalemis tasgabbiidhaan ni jiraatti.+ Maqaan ishiin ittiin waamamtus, “Yihowaan Qajeelummaa Keenya Dha” kan jedhu taʼa.’”+

17 “Sababiin isaas, Yihowaan akkana jedha: ‘Sanyii Daawit keessaa namni teessoo mana Israaʼel irra taaʼu matumaa hin dhabamu;+ 18 aarsaawwan guutummaatti gubaman dhiheessuuf, aarsaawwan midhaanii gubuu fi aarsaawwan kaan dhiheessuuf Leewwota luboota taʼan keessaa namni na dura dhaabbatu matumaa hin dhabamu.’”

19 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Ermiyaas ni dhufe: 20 “Yihowaan akkana jedha: ‘Guyyaanii fi halkan yeroo isaaniitti akka hin dhufne dhowwuuf kakuu koo isan guyyaa ilaalchisee galee fi kakuu koo isan halkan ilaalchisee gale cabsuu yoo dandeessan,+ 21 yeroo sanatti kakuun koo inni ani tajaajilaa koo Daawitii wajjin gale cabuu dandaʼa;+ innis ilma teessoo isaa irra taaʼee mootii taʼee bulchu hin qabaatu;+ kakuun koo inni ani tajaajiltoota koo luboota warra Leewwota+ taʼanii wajjin gales cabuu dandaʼa. 22 Akkuma raayyaan samiiwwanii lakkaaʼamuu hin dandeenye, cirrachi galaanaas madaalamuu hin dandeenye, anis sanyii tajaajilaa koo Daawitii fi Leewwota warra na tajaajilan nan baayʼisa.’”

23 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Ermiyaas ni dhufe: 24 “Ati wanta namoonni kun, ‘Yihowaan maatiiwwan lamaan filate sana ni dhiisa’ jechuudhaan dubbatan hin hubannee? Isaan saba koo tuffataniiru; akka sabaatti isaan ilaaluus dhiisaniiru.

25 “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani guyyaa fi halkan ilaalchisee kakuu koo akkuman hundeesse,+ samii fi lafa ilaalchisees seera* akkuman hundeesse,+ 26 sanyii Yaaqoobii fi sanyii tajaajilaa koo Daawit matumaa hin dhiisu; sanyii isaa keessaas bulchitoota sanyii Abrahaam, sanyii Yisihaaqii fi sanyii Yaaqoob irratti bulchan kaasuu koo hin dhiisu. Sababiin isaas, boojiʼamtoota isaanii deebisee walitti nan qaba,+ isaaniifis nan gadda.’”+

34 Yommuu Nebukadnezaar* mootiin Baabilon, guutummaan raayyaa waraanaa isaa, mootummoonni lafaa warri bulchiinsa isaa jala jiran hundii fi namoonni hundi Yerusaalemii fi magaalota ishii hundumaa waraanaa turanitti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Ermiyaas ni dhufe:+

2 “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Dhaqiitii Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaatiin akkana jedhi: “Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani magaalaa kana harka mootii Baabilonitti dabarsee nan kenna, innis ibiddaan ishii guba.+ 3 Ati shakkii tokko malee waan qabamtuuf, dabarfamtees harka isaatti waan kennamtuuf, harka isaa jalaa hin miliqxu.+ Ijaa ijatti mootii Baabilon ni argita, innis fuulaa fuulatti sitti ni dubbata; atis gara Baabilon ni deemta.’+ 4 Haa taʼu malee, yaa Zedeeqiyaa mootii Yihudaa, dubbii Yihowaa kana dhagaʼi: ‘Siin ilaalchisee Yihowaan akkana jedha: “Ati goraadeedhaan hin duutu. 5 Nagaadhaan ni duuta;+ isaan akkuma abbootii keetiif, jechuunis mootota bara durii warra si dura turaniif godhanitti ulfina keetiif ibidda ni bobeessu; ‘Wayyoo, yaa gooftaa keenyaa!’ jedhaniis siif ni booʼu; sababiin isaas, ‘Ani dubbii kana dubbadheera’ jedha Yihowaan”’”’”

6 Achiis Ermiyaas raajichi dubbii kana hundumaa Yerusaalem keessatti Zedeeqiyaa mootii Yihudaatti ni hime; 7 yeroo kanatti raayyaawwan waraanaa mootii Baabilon Yerusaalemii fi magaalota Yihudaa warra hafan hundumaa, jechuunis Laakiishii+ fi Azeeqaa+ waraanaa turan; sababiin isaas, magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban keessaa kan hafan+ isaan qofa turan.

8 Zedeeqiyaan Mootichi bilisummaa isaaniif labsuuf+ namoota Yerusaalem keessa jiraatan hundumaa wajjin erga kakuu galee booda dubbiin Yihowaa gara Ermiyaas ni dhufe; 9 labsiin kunis, namni tokko illee nama Yihudii taʼe garboomfatee akka itti hin fufneef, namoonni hundi, dhiiras taʼe dubartii garboota isaanii warra Ibroota taʼan bilisa baasuu akka qaban kan ibsu ture. 10 Bulchitoonni hundii fi guutummaan sabichaas ni ajajaman. Isaanis namoonni hundi, dhiiras taʼe dubartii garboota isaanii bilisa baasuu akka qabanii fi kana booda garboomfatanii akka itti hin fufne kakuu galanii turan. Isaanis ajajamanii garboota sana ni gadhiisan. 11 Booda garuu garboota dhiirotaa fi dubartoota warra bilisa baasanii turan sana dirqisiisuudhaan deebisanii garboomfatan. 12 Kanaafuu, dubbiin Yihowaa akkana jedhu Yihowaa biraa gara Ermiyaas ni dhufe:

13 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan akkana jedha: ‘Guyyaan biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa isaan baasetti+ akkana jedhee abbootii keessanii wajjin kakuu galeera:+ 14 “Dhuma waggaa torbaffaatti tokkoon tokkoon keessan Ibricha obboleessa keessan taʼee fi isinitti gurgurame isa waggaa torbaaf isin tajaajile sana bilisa baasaa; isin bilisa isa baasuu qabdu.”+ Abbootiin keessan garuu hin dhageenye yookiin gurra isaanii natti hin qabne. 15 Isinis dhiheenyatti* deebitanii namootaaf bilisummaa labsuudhaan wanta na duratti sirrii taʼe raawwattaniittu; mana maqaan koo itti waamamu keessattis na duratti kakuu galtaniittu. 16 Booda garuu garboota keessan warra dhiirotaa fi dubartoota taʼan warra akka fedhii* isaaniitti bilisa baastanii turtan sana deebifachuudhaan deebitanii maqaa koo xureessitaniittu;+ isaan dirqisiisiistaniis deebistanii isaan garboomsitaniittu.’

17 “Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha: ‘Tokkoon tokkoon keessan obboleessa keessanii fi nama isa kan biraatiif bilisummaa labsuu ilaalchisee naaf hin ajajamne.+ Kanaan kan kaʼes, goraadeedhaan, golfaa* fi beelaan+ akka duutaniif bilisummaa isiniif nan labsa’ jedha Yihowaan; ‘mootummoota lafaa hundumaa birattis wanta sodaachisu akka taatan nan godha.+ 18 Namoota kakuu yeroo jibicha bakka lamatti kutuudhaan gidduu isaa darbanitti na duratti galan raawwachuu dhiisuudhaan kakuu koo cabsan sana irratti,+ 19 jechuunis bulchitoota Yihudaa, bulchitoota Yerusaalem, abbootii taayitaa mana mootummaa, lubootaa fi namoota biyyattii hundumaa warra jibicha bakka lamatti kutame gidduu darban sana irratti akkana ni taʼa: 20 Ani harka diinota isaaniittii fi harka warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadaniitti* dabarsee isaan nan kenna; reeffi isaaniis allaattiiwwan samii fi bineensota lafaatiif nyaata ni taʼa.+ 21 Ani Zedeeqiyaa mootii Yihudaa fi bulchitoota isaa harka diinota isaanii fi harka warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadaniitti,* akkasumas harka raayyaawwan waraanaa mootii Baabilon warra isin irraa deebiʼaniitti dabarsee nan kenna.’+

22 “Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani ajaja kana nan kenna, gara magaalaa kanaattis deebisee isaan nan fida; isaanis ishii ni waraanu, ishii qabataniis ibiddaan ni gubu;+ anis magaalota Yihudaa onaa fi bakka namni keessa hin jiraanne nan godha.’”+

35 Bara Yehoyaaqiim+ ilma Yosiyaas mootii Yihudaatti dubbiin Yihowaa biraa gara Ermiyaas dhufe isa kana: 2 “Gara mana Reekaabotaa+ dhaqiitii isaanitti dubbadhu; achiis gara mana Yihowaatti, kutaawwan nyaataa* keessaa gara kutaa isa tokkootti isaan fidi; akka dhuganiifis daadhii wayinii isaaniif kenni.”

3 Anis Yaaʼaazaaniyaa ilma Ermiyaas ilma Habaaziniyaa, obboloota isaa, ilmaan isaa hundumaa fi guutummaa mana Reekaabotaa fuudhee 4 gara mana Yihowaatti nan fide. Gara kutaa nyaataa ilmaan Haanaan ilma Yigdaaliyaa isa nama Waaqa dhugaa taʼe sanaatti isaan nan fide; kutaan nyaataa kun kutaa nyaataa bulchitootaa isa kutaa nyaataa Maaʼaaseyaa ilma Shaalum isa karra eegduu taʼe sanaa irraa olitti argamu bira jira ture. 5 Anis xoofoowwanii fi waancaawwan daadhiin wayinii itti guutame namoota maatii Reekaabotaa taʼan dura kaaʼee, “Daadhii wayinii dhugaa” isaaniin nan jedhe.

6 Isaan garuu akkana jedhan: “Nuti daadhii wayinii hin dhugnu; sababiin isaas, Yonaadaab+ ilmi Reekaab inni abbaa keenya taʼe ajaja akkana jedhu nuu kenneera: ‘Isinis taatan ilmaan keessan yoom iyyuu daadhii wayinii dhuguu hin qabdan. 7 Mana ijaarrachuu, sanyii facaasuu yookiin muka wayinii dhaabuu yookiin maasii wayinii qabaachuu hin qabdan. Kanaa mannaa, biyya isa namoota biyya ormaa taatanii keessa jiraachaa jirtan keessatti bara dheeraa akka jiraattaniif, yeroo hundumaa dunkaana keessa jiraachuu qabdu.’ 8 Kanaafuu nuti, haadhotiin manaa keenya, ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa keenya matumaa daadhii wayinii akkamii iyyuu dhuguu irraa of qusachuudhaan, ajaja Yonaadaab inni ilma abbaa keenya Reekaab taʼe nu ajaje hundumaatiif ajajamuu keenya itti fufna. 9 Mana keessa jiraannu hin ijaarrannu, maasii wayinii yookiin maasii yookiin sanyii facaafannu hin qabnu. 10 Dunkaana keessa jiraachuu keenyaa fi wanta Yonaadaab abbaan keenya nu ajaje hundumaatiif ajajamuu keenya itti fufna. 11 Haa taʼu malee, yeroo Nebukadnezaar* mootiin Baabilon biyyattii waraanuuf dhufetti,+ ‘Kottaa, raayyaa waraanaa Kaladootaa fi kan warra Sooriyaa jalaa miliquuf gara Yerusaalem haa deemnu’ jenne; kunoo, amma Yerusaalem keessa jiraachaa jirra.”

12 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Ermiyaas ni dhufe: 13 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Dhaqiitii namoota Yihudaa fi jiraattota Yerusaalemiin akkana jedhi: “Dubbii kootiif akka ajajamtan yeroo baayʼee isinitti himamee hin turree?”+ jedha Yihowaan. 14 “Yonaadaab ilmi Reekaab daadhii wayinii akka hin dhugne sanyii isaa ajajee ture; isaanis hamma harʼaatti daadhii wayinii dhuguu irraa of qusachuudhaan dubbii isaa hojii irra oolchaniiru; akka kanaan ajaja abbaa isaaniitiif ajajamaniiru.+ Haa taʼu malee, ani irra deddeebiʼee* kanan isinitti dubbadhe taʼus, isin anaaf hin ajajamne.+ 15 Ani irra deddeebiʼee* raajota warra tajaajiltoota koo taʼan hundumaa akkana jedhee gara keessanitti ergeera:+ ‘Maaloo, tokkoon tokkoon keessan daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa,+ wanta sirrii taʼes raawwadhaa! Waaqolii kan biroo duukaa hin buʼinaa, isaan hin tajaajilinaas. Akkana yoo gootan biyyan isiniifis taʼe abbootii keessaniif kenne keessa jiraachuu keessan itti fuftu.’+ Isin garuu gurra keessan natti hin qabne yookiin na hin dhageenye. 16 Sanyiin Yonaadaab ilma Reekaab ajaja abbaan isaanii isaaniif kenne hojii irra oolchaniiru;+ namoonni kun garuu na hin dhageenye.”’”

17 “Kanaafuu, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Waaqni raayyaa akkana jedha: ‘Ani kanan isaanitti dubbadhe taʼus, isaan waan na hin dhageenyeef, irra deddeebiʼee kanan isaan waame taʼus, isaan deebii waan naaf hin kennineef,+ kunoo, ani Yihudaa irrattii fi jiraattota Yerusaalem hundumaa irratti badiisa akkan fidu isaan akeekkachiise sana hundumaa nan fida.’”+

18 Ermiyaasis maatii Reekaabotaatiin akkana jedhe: “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Isin ajaja Yonaadaab abbaa keessaniitiif waan ajajamtaniif, akkuma inni isin ajaje gochuudhaanis ajajawwan isaa hundumaa eeguu keessan waan itti fuftaniif, 19 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Sanyii Yonaadaab ilma Reekaab keessaa namni na duratti tajaajilu matumaa hin dhabamu.”’”

36 Yehoyaaqiim+ ilmi Yosiyaas mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti dubbiin akkana jedhu Yihowaa biraa gara Ermiyaas ni dhufe: 2 “Maraa kitaabaa tokko fudhadhuutii dubbii ani guyyaan jalqaba bara Yosiyaasitti sitti dubbadhe irraa kaasee hamma harʼaatti Israaʼel, Yihudaa+ fi saboota hundumaa+ irratti dubbadhe hundumaa achi irratti barreessi.+ 3 Tarii warri mana Yihudaa waaʼee badiisa ani isaan irratti fiduuf yaade hundumaa yommuu dhagaʼan daandii isaanii isa hamaa irraa ni deebiʼu taʼa; anis balleessaa isaanii fi cubbuu isaanii isaaniif nan dhiisa.”+

4 Achiis Ermiyaas Baaruk+ ilma Neriyaa ni waame; sana booda Ermiyaas dubbii Yihowaan isatti dubbate hundumaa afaaniin isatti ni hime; Baarukis maraa kitaabaa sana irratti barreesse.+ 5 Achiis Ermiyaas akkana jedhee Baarukiin ajaje: “Ani waanan ittifameef, gara mana Yihowaatti seenuu hin dandaʼu. 6 Kanaafuu, ol seentee dubbii Yihowaa isa maraa kitaabaa ani afaaniin sitti himee barreessite sana irra jiru sagalee kee ol kaastee dubbisuu qabda. Guyyaa soomaatti utuma namoonni sun si dhagaʼanii mana Yihowaa keessatti dubbisi; akka kanaan, namoota Yihudaa warra magaalota isaanii irraa dhufan hundumaatiif ni dubbista. 7 Tarii kadhannaan isaan fudhatama argachuuf dhiheessan Yihowaa bira ni gaʼa, tokkoon tokkoon isaaniis daandii isaanii isa hamaa irraa ni deebiʼu taʼa; sababiin isaas, aarii fi dheekkamsi Yihowaan saba kana irratti dubbate guddaa dha.”

8 Kanaafuu, Baaruk ilmi Neriyaa wanta Ermiyaas raajichi isa ajaje hundumaa ni raawwate; mana Yihowaa keessattis maraa kitaabaa* sana irraa sagalee isaa ol kaasee dubbii Yihowaa ni dubbise.+

9 Yehoyaaqiim+ ilmi Yosiyaas mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa shanaffaa isaatti, waggicha keessaa jiʼa saglaffaatti namoonni Yerusaalem keessatti argaman hundii fi namoonni magaalota Yihudaa keessaa gara Yerusaalem dhufan hundi Yihowaa duratti sooma labsan.+ 10 Achiis Baaruk utuma namoonni sun hundi isa dhagaʼanii mana Yihowaa keessatti, kutaa* Gemaariyaa+ ilma Shaafaan+ isa garagalchituu* taʼe sanaa keessatti, mooraa isa olii keessatti, karra mana Yihowaa isa haaraa duratti+ sagalee isaa ol kaasee maraa kitaabaa* sana irraa dubbii Ermiyaas ni dubbise.

11 Mikaayaan ilmi Gemaariyaa ilmi Shaafaan maraa kitaabaa* sana irraa dubbiin Yihowaa hundi utuu dubbifamuu yommuu dhagaʼu, 12 gara mana* mootichaatti, gara kutaa barreessaatti gad ni buʼe. Yeroo kanatti, bulchitoonni* hundi, jechuunis Elishaamaan+ inni barreessaa taʼe, Delaayaan ilmi Shemaayaa, Elnaataan+ ilmi Akboor,+ Gemaariyaan ilmi Shaafaanii fi Zedeeqiyaan ilmi Hanaaniyaa, akkasumas bulchitoonni kan biroon hundi achi taaʼanii turan. 13 Mikaayaanis dubbii Baaruk utuma namoonni isa dhagaʼanii maraa kitaabaa* sana irraa utuu dubbisuu dhagaʼe sana hundumaa isaanitti ni hime.

14 Achiis bulchitoonni sun hundi Yehudiin ilmi Nataaniyaa ilmi Shelemiyaa ilmi Kuushii, “Maraa kitaabaa isa utuma namoonni dhagaʼanii irraa dubbiste sana fidii kottu” jedhee Baarukitti akka himu isa ergan. Baaruk ilmi Neriyaas maraa kitaabaa sana harkatti qabatee gara isaanii dhaqe. 15 Isaanis, “Maaloo, taaʼiitii sagalee kee ol kaasii nuu dubbisi” isaan jedhan. Baarukis isaaniif ni dubbise.

16 Isaanis dubbii kana hundumaa akkuma dhagaʼaniin sodaadhaan wal ilaalanii Baarukiin, “Dubbii kana hundumaa mootichatti himuu qabna” jedhan. 17 Achiis, “Maaloo, dubbii kana hundumaa akkamitti akka barreessite nutti himi. Ermiyaastu afaaniin sitti himee si barreessisee?” jedhanii Baarukiin gaafatan. 18 Baarukis, “Dubbii kana hundumaa isatu natti hime; anis qalamiidhaan maraa kitaabaa* kana irratti nan barreesse” jedhee isaaniif deebise. 19 Bulchitoonni sunis Baarukiin, “Atii fi Ermiyaas dhaqaatii dhokadhaa; bakka isin jirtanis eenyu iyyuu akka hin beekne” jedhan.+

20 Achiis gara mooticha isa mooraa keessatti argamuutti seenanii maraa kitaabaa sana kutaa Elishaamaa isa barreessaa taʼe sanaa keessa kaaʼan; wanta dhagaʼan hundumaas mootichatti himan.

21 Mootichis Yehudiin+ gad baʼee maraa kitaabaa sana akka fiduuf isa erge; innis maraa kitaabaa sana kutaa Elishaamaa isa barreessaa taʼe sanaa keessaa ni fide. Achiis mootichii fi bulchitoonni mooticha bira dhaabbatan hundi utuma isa dhagaʼanii isa irraa dubbisuu jalqabe. 22 Jiʼa saglaffaatti* mootichi mana gannaa keessa taaʼee ture; ibiddi bobaʼus isa dura jira ture. 23 Yehudiin tarree sadii yookiin afur erga dubbisee booda mootichi albee barreessaatiin maraa kitaabaa sana irraa kutee ibidda bobaʼaa jiru sana keessatti gata ture; innis guutummaan maraa kitaabaa sun ibiddaan bobaʼee hamma dhumutti akkana gochuu isaa itti fufe. 24 Isaan homaa hin sodaanne; mootichis taʼe tajaajiltoonni isaa warri dubbii kana hundumaa dhagaʼan hundi uffata isaanii hin tarsaasne. 25 Elnaataan,+ Delaayaanii+ fi Gemaariyaan+ maraa kitaabaa sana akka hin gubne mooticha kadhatanii turan; inni garuu isaan hin dhageenye. 26 Kana malees, mootichi Baaruk isa barreessaa taʼee fi Ermiyaas raajicha akka qabaniif Yeraamiʼel ilma mootichaa, Seraayaa ilma Azriʼelii fi Shelemiyaa ilma Abdiʼeliin ni ajaje; Yihowaan garuu isaan dhoksee ture.+

27 Mootichi maraa kitaabaa dubbii isa Ermiyaas afaaniin itti himee fi Baaruk barreesse+ qabate sana erga gubee booda dubbiin Yihowaa akkana jedhu ammas gara Ermiyaas ni dhufe: 28 “Maraa kitaabaa kan biraa fudhadhuutii dubbii maraa kitaabaa jalqabaa isa Yehoyaaqiim mootiin Yihudaa gube+ sana irra ture hundumaa achi irratti barreessi. 29 Yehoyaaqiim mootii Yihudaa ilaalchisee akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Ati maraa kitaabaa kana gubdee, ‘“Dhugumaan mootiin Baabilon dhufee biyya kana ni balleessa; namaa fi horiis ishii keessaa haxaaʼee ni balleessa” jettee maaliif irratti barreessite?’ jetteetta.+ 30 Kanaafuu, Yehoyaaqiim mootii Yihudaa ilaalchisee Yihowaan akkana jedha: ‘Inni nama teessoo Daawit irra taaʼu tokko illee hin qabaatu;+ reeffi isaas hoʼa guyyaa fi qorra halkaniitiif kan saaxilame taʼa.+ 31 Ani isas taʼe sanyii isaa fi tajaajiltoota isaa dogoggora isaaniitiif isaan nan adaba; na dhagaʼuu diduu isaaniitiin+ badiisa akkan isaan irratti fidu dubbadhe hundumaa isaan irratti, jiraattota Yerusaalemii fi namoota Yihudaa irratti nan fida.’”’”+

32 Achiis Ermiyaas maraa kitaabaa kan biraa fuudhee Baaruk ilma Neriyaa isa barreessaa taʼe sanatti kenne;+ innis dubbii maraa kitaabaa* isa Yehoyaaqiim mootiin Yihudaa ibiddaan gube+ sana irra ture hundumaa utuma Ermiyaas afaaniin isatti himuu ni barreesse. Dubbiin akkanaa hedduunis itti dabalamee ture.

37 Zedeeqiyaan+ Mootichi ilmi Yosiyaas bakka Kooniyaa*+ ilma Yehoyaaqiim bulchuu jalqabe; sababiin isaas, Nebukadnezaar* mootiin Baabilon biyya Yihudaa keessatti mootii isa godhee ture.+ 2 Haa taʼu malee, innis taʼe tajaajiltoonni isaa fi namoonni biyyattii dubbii Yihowaan karaa Ermiyaas raajichaa dubbate hin dhageenye.

3 Zedeeqiyaan Mootichis Yehukaal+ ilma Shelemiyaa fi Sefaaniyaa+ ilma Maaʼaaseyaa isa luba taʼe sana, “Maaloo, gara Waaqa keenya Yihowaatti kadhannaa nuu dhiheessi” jedhanii akka itti himan gara Ermiyaas raajichaatti isaan erge. 4 Isaan mana hidhaatti waan isa hin galchineef, Ermiyaas namoota gidduu bilisummaadhaan asii fi achi deema ture.+ 5 Yeroo kanatti raayyaan waraanaa Faraʼoon Gibxii keessaa baʼee deemuu jalqabe;+ Kaladoonni Yerusaalemitti marsanii turanis waaʼee kanaa ni dhagaʼan. Kanaafuu, Yerusaalem irraa ni deebiʼan.+ 6 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Ermiyaas ni dhufe: 7 “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Mootii Yihudaa isa akka na gaafattaniif gara kootti isin erge sanaan akkana jedhaa: “Kunoo, raayyaan waraanaa Faraʼoon inni isin gargaaruuf dhufe gara biyya isaa Gibxiitti deebiʼuuf ni dirqama.+ 8 Kaladoonnis deebiʼanii dhufanii magaalaa kana waraananii ishii ni qabatu, ibiddaanis ishii ni gubu.”+ 9 Yihowaan akkana jedha: “Isaan isin irraa waan hin deebineef, ‘Dhugumaan Kaladoonni nu irraa ni deebiʼu’ jettanii of* hin gowwoomsinaa. 10 Isin guutummaa raayyaa waraanaa Kaladootaa warra isin waraanan yoo rukuttan, namoota isaanii keessaa kan hafanis warra madaaʼan qofa yoo taʼan illee, isaan dunkaanota isaanii keessaa kaʼanii magaalaa kana ibiddaan ni gubu.”’”+

11 Yommuu raayyaan waraanaa Kaladootaa raayyaa waraanaa Faraʼooniin kan kaʼe Yerusaalem irraa deebiʼee turetti,+ 12 Ermiyaas saba isaa gidduutti gaʼee isaa fudhachuuf Yerusaalem keessaa baʼee gara biyya Biiniyaamitti+ qajeele. 13 Yommuu Karra Biiniyaam bira gaʼu garuu, Yiriyaan ilmi Shelemiyaa ilmi Hanaaniyaa inni itti gaafatamaa waardiyyootaa taʼe Ermiyaas raajicha qabee, “Nu gantee gara Kaladootaa deemaa jirta!” isaan jedhe. 14 Ermiyaas garuu, “Kun soba dha! Ani isin ganee gara Kaladootaa deemaa hin jiru” jedhe. Inni garuu isa hin dhageenye. Kanaafuu, Yiriyaan Ermiyaasiin qabee gara bulchitootaatti geesse. 15 Bulchitoonni sunis Ermiyaasitti akka malee aaran;+ achiis isa rukutanii mana Yehonaataan isa barreessaa taʼe sanaa keessatti isa hidhan;*+ manni kun mana hidhaa taʼee tajaajila ture. 16 Ermiyaas mana hidhaa kutaawwan lafa jalaa qabu* keessatti guyyoota hedduudhaaf ni hidhame.

17 Achiis Zedeeqiyaan Mootichi ergee isa waamsisee mana* isaa keessatti dhoksaatti gaaffii isa gaafate.+ “Dubbiin Yihowaa biraa dhufe jiraa?” jedhee isa gaafate. Ermiyaasis, “Eeyyee jira!” jedhe; itti fufuudhaanis, “Ati harka mootii Baabilonitti dabarfamtee ni kennamta!” isaan jedhe.+

18 Ermiyaas itti dabaluudhaan Zedeeqiyaa Mootichaan akkana jedhe: “Mana hidhaatti kan na galchitan, ani si irratti, tajaajiltoota kee irrattis taʼe saba kana irratti cubbuu maaliin hojjedhe? 19 Raajonni keessan warri, ‘Mootiin Baabilon isin irrattis taʼe biyya kana irratti hin dhufu’ jedhanii raajii isiniif dubbatan sun amma eessa jiru?+ 20 Ammas maaloo, yaa gooftaa koo yaa mootii, na dhagaʼi. Maaloo, wawwaannaa koo naaf dhagaʼi. Gara mana Yehonaataan+ isa barreessaa taʼe sanaatti deebistee na hin ergin; taʼuu baannaan garuu achitti duʼuu koo ti.”+ 21 Kanaafuu, Zedeeqiyaan Mootichi Ermiyaas Mooraa Eegdotaa+ keessatti akka hidhamu ajaje; daabboon magaalattii keessa jiru hundi hamma dhumuttis+ daandii warra daabboo tolchanii irraa guyyaa guyyaadhaan daabboon tokko tokko isaaf ni kennama ture.+ Ermiyaasis Mooraa Eegdotaa keessa jiraachuu isaa itti fufe.

38 Shefaatiyaan ilmi Maataan, Gedaaliyaan ilmi Paashuur, Yuukaal+ ilmi Shelemiyaa fi Paashuur+ ilmi Maalkiyaa dubbii Ermiyaas namoota sana hundumaatti akkana jechuudhaan dubbate ni dhagaʼan: 2 “Yihowaan akkana jedha: ‘Namni magaalaa kana keessatti hafu goraadeedhaan, beelaa fi golfaadhaan* ni duʼa.+ Namni Kaladootatti harka kennu* garuu lubbuudhaan jiraachuu isaa itti fufa; lubbuun isaa akka boojuutti isaaf ni hafa,* innis ni jiraata.’+ 3 Yihowaan akkana jedha: ‘Magaalaan kun dhugumaan harka raayyaa waraanaa mootii Baabilonitti dabarfamtee ni kennamti, innis ishii ni qabata.’”+

4 Bulchitoonni sunis mootichaan akkana jedhan: “Inni dubbii akkanaa isaanitti dubbachuudhaan hamilee* loltoota magaalaa kana keessatti hafanii, hamilee namoota hundumaas laaffisaa waan jiruuf, maaloo namichi kun akka ajjeefamu godhi.+ Sababiin isaas, namichi kun nagaa saba kanaa utuu hin taʼin badiisa isaanii barbaada.” 5 Zedeeqiyaan Mootichis, “Kunoo, inni harka keessan keessa jira; ani mootichi isin dhowwuuf homaa gochuu hin dandaʼu” jedhee deebise.

6 Kanaafuu, isaan Ermiyaasiin qabanii boolla bishaanii Maalkiyaa ilma mootichaa isa Mooraa Eegdotaatti+ argamu keessa buusan. Wadaroodhaan gad isa ni buusan. Boolli bishaanii sun dhoqqee qofa malee bishaan hin qabu ture; Ermiyaasis dhoqqee sana keessa gad lixuu jalqabe.

7 Ebeedmeleek+ namni Itoophiyaa inni xuʼaashii* mana* mootichaa taʼe, Ermiyaasiin boolla bishaanii keessa buusuu isaanii ni dhagaʼe. Yeroo kanatti mootichi Karra Biiniyaam bira taaʼee ture;+ 8 Ebeedmeleekis mana* mootichaa keessaa gad baʼee mootichaan akkana jedhe: 9 “Yaa gooftaa koo yaa mootii, namoonni kun Ermiyaas raajicha irratti jalʼina raawwataniiru! Boolla bishaanii keessa isa buusaniiru; magaalattii keessa daabboon hafe waan hin jirreef, inni achitti beelaan ni duʼa.”+

10 Yeroo kanatti mootichi, “Namoota 30 asii fudhadhuutii duʼuu isaa dura Ermiyaas raajicha boolla bishaanii keessaa harkisii baasi” jedhee Ebeedmeleek isa nama Itoophiyaa taʼe sana ajaje. 11 Kanaafuu, Ebeedmeleek namoota sana fuudhee gara mana* mootichaa, gara iddoo mana qabeenyaa+ jalatti argamu tokkoo ni dhaqe; isaanis bakka sanaa bututtuu fi huccuu moofaa fudhatanii wadaroodhaan gara boolla bishaaniitti Ermiyaasiif gad buusan. 12 Achiis Ebeedmeleek namni Itoophiyaa sun Ermiyaasiin, “Maaloo, bututtuu fi huccuu sana bobaa kee fi wadaroo sana gidduu kaaʼi” jedhe. Ermiyaasis akkasuma godhe; 13 achiis isaan Ermiyaasiin wadaroodhaan harkisanii boolla bishaanii keessaa baasan. Ermiyaasis Mooraa Eegdotaa+ keessa jiraate.

14 Zedeeqiyaan Mootichis Ermiyaas raajichi balbala sadaffaa isa mana Yihowaa keessatti argamutti gara isaa akka dhufu dhaamsa isatti erge; mootichis Ermiyaasiin, “Wantan si gaafadhu tokkon qaba. Homaa na hin dhoksin” jedhe. 15 Ermiyaasis Zedeeqiyaadhaan, “Yoon sitti hime, akka na ajjeestu beekamaa dha. Gorsa yoon siif kennes, na hin dhageessu” jedhe. 16 Kanaafuu, Zedeeqiyaan Mootichi, “Yihowaa isa jiraataa isa lubbuu kana nuuf kenneen* nan kakadha, ani si hin ajjeesu; harka namoota lubbuu kee balleessuu barbaadan* kanaattis dabarsee si hin kennu” jedhee iccitiidhaan Ermiyaasiif kakate.

17 Achiis Ermiyaas Zedeeqiyaadhaan akkana jedhe: “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Waaqni raayyaa akkana jedha: ‘Ati bulchitoota mootii Baabilonitti yoo harka kennite,* lubbuun kee siif oola;* magaalaan kunis ibiddaan hin gubamtu; atii fi maatiin kees lubbuudhaan ni ooltu.+ 18 Haa taʼu malee, ati bulchitoota mootii Baabilonitti harka hin kennitu* taanaan, magaalaan kun harka Kaladootaatti dabarfamtee ni kennamti; isaan ibiddaan ishii ni gubu;+ atis harka isaanii jalaa hin miliqxu.’”+

19 Achiis Zedeeqiyaan Mootichi Ermiyaasiin, “Harka isaaniitti dabarfamee yoon kenname, gocha gara jabinaa na irratti raawwachuu waan dandaʼaniif, Yihudoota gara Kaladootaatti baqatan nan sodaadha” jedhe. 20 Ermiyaas garuu akkana isaan jedhe: “Ati harka isaaniitti dabarfamtee hin kennamtu. Maaloo, sagalee Yihowaa isa ani sitti himaa jiru kanaaf ajajami; akkana yoo goote gaarii siif ni taʼa; lubbuudhaanis ni jiraatta. 21 Harka kennuu* yoo didde garuu, wanti Yihowaan natti mulʼise kun ni raawwatama: 22 Kunoo, dubartoonni mana* mootii Yihudaa keessatti hafan hundi gara bulchitoota mootii Baabilonitti ni geeffamu,+ akkanas ni jedhu:

‘Namoonni ati amanatte* si gowwoomsanii si moʼaniiru.+

Isaan miilli kee dhoqqee keessa akka lixu godhaniiru.

Amma isaan duubatti deebiʼaniiru.’

23 Isaanis haadhotii manaa kee fi ilmaan kee hundumaa Kaladootatti ni kennu; atis harka isaanii jalaa hin miliqxu; kanaa mannaa, mootiin Baabilon si qabata;+ siin kan kaʼes magaalaan kun ibiddaan ni gubamti.”+

24 Achiis Zedeeqiyaan Ermiyaasiin akkana jedhe: “Ati akka hin duunetti, waaʼee wantoota kanaa eenyutti illee hin himin. 25 Bulchitoonni akkan sii wajjin dubbadhe dhagaʼanii gara kee dhufanii, ‘Maaloo, wanta mootichatti dubbatte nutti himi. Wanta tokko illee nu hin dhoksin, nuti si hin ajjeesnu.+ Mootichi maal siin jedhe?’ yoo siin jedhan, 26 ‘Achitti akkan hin duuneef, gara mana Yehonaataanitti deebisee akka na hin ergine mooticha kadhachaan ture’ jedhiitii isaaniif deebisi.”+

27 Boodas bulchitoonni hundi gara Ermiyaas dhufanii gaaffii isa gaafatan. Innis wanta mootichi akka dubbatu isa ajajee ture hundumaa isaanitti hime. Namni wanta isaan mariʼatan dhagaʼe tokko illee waan hin turreef, isaan sana booda homaa isatti hin dubbanne. 28 Hamma guyyaa Yerusaalem qabamtetti Ermiyaas Mooraa Eegdotaa keessa jiraate;+ yommuu Yerusaalem qabamtettis inni achuma ture.+

39 Zedeeqiyaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa saglaffaatti, waggicha keessaa jiʼa kurnaffaatti Nebukadnezaar* mootiin Baabilonii fi guutummaan raayyaa waraanaa isaa gara Yerusaalem dhufanii ishiitti marsan.+

2 Zedeeqiyaan mootii taʼee waggaa 11ffaatti, waggicha keessaa jiʼa arfaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa saglaffaatti dallaa magaalattii ni diigan.+ 3 Bulchitoonni mootii Baabilon hundi, jechuunis Nergaal Shaarezer Saamgaarichi, Nebu Saarsekiim Raabsaarisichii* fi Nergaal Shaarezer Raabmaagichi,* akkasumas bulchitoonni mootii Baabilon kaan hundi seenanii Karra Gidduu keessa ni taaʼan.+

4 Zedeeqiyaan mootiin Yihudaa fi loltoonni hundi yommuu isaan argan karaa iddoo biqiltuu mootichaa, karra dallaa lamaan gidduutti argamuun halkaniin magaalattii keessaa baʼanii baqatan;+ achiis karaa gara Arabaatti geessu irra buʼanii deemuu isaanii itti fufan.+ 5 Haa taʼu malee, Kaladoonni isaan duukaa buʼanii dirree gammoojjii Yerikoo keessatti Zedeeqiyaa bira gaʼan.+ Achiis isa qabanii gara Nebukadnezaar* mootii Baabilon isa biyya Hamaat+ keessatti Riblaatti+ argamutti ol isa fidan; innis achitti isa irratti murtii ni dabarse. 6 Mootiin Baabilon ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti Riblaatti ni gorraasise; guguddoota Yihudaa hundumaas ni gorraasise.+ 7 Ija Zedeeqiyaa erga jaamsee boodas, hidhaa sibiila diimaatiin isa hidhee gara Baabilonitti geesse.+

8 Achiis Kaladoonni mana* mootichaa fi mana uummata sanaa ni guban;+ dallaawwan Yerusaalemis ni diigan.+ 9 Nebuzaradaan+ inni ajajaa waardiyyootaa taʼes namoota magaalattii keessatti hafan, gantoota gara isaatti goranii fi warra achitti hafan hundumaa boojiʼee gara Baabilonitti geesse.

10 Haa taʼu malee, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe namoota baayʼee hiyyeeyyii taʼan warra homaa hin qabne tokko tokko biyya Yihudaa keessatti dhiise. Guyyaa sanatti maasiiwwan wayinii fi maasiiwwan qotatan isaaniif ni kenne.*+

11 Yeroo kanatti Nebukadnezaar* mootiin Baabilon Ermiyaasiin ilaalchisee Nebuzaradaan isa ajajaa waardiyyootaa taʼe sanaaf ajaja akkana jedhu ni kenne: 12 “Fuudhiitii isa kunuunsi; miidhaa akkamii iyyuu irratti hin geessisin; wanta inni si gaafatu hundumaa isaaf godhi.”+

13 Kanaafuu, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe, Nebushaazbaan Raabsaarisichii* fi Nergaal Shaarezer Raabmaagichi,* akkasumas namoonni mootii Baabilon warri beekamoo taʼan hundi namoota erganii 14 Ermiyaasiin Mooraa Eegdotaa keessaa baasanii+ gara mana isaatti akka isa geessuuf Gedaaliyaa+ ilma Ahiqaam+ ilma Shaafaanitti+ dabarsanii isa kennan. Kanaafuu, inni sabicha gidduu ni jiraate.

15 Ermiyaas yeroo Mooraa Eegdotaa+ keessatti hidhamee turetti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara isaa ni dhufe: 16 “Dhaqiitii Ebeedmeleek+ isa nama Itoophiyaa taʼe sanaan akkana jedhi: ‘Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Kunoo, nagaadhaaf utuu hin taʼin badiisaaf magaalaa kana irratti dubbii koo nan raawwadha; atis guyyaa sanatti wanti kun yommuu raawwatamu ni argita.”’

17 “‘Taʼus guyyaa sanatti ani sin oolcha; harka namoota sodaattu sanaattis dabarfamtee hin kennamtu’ jedha Yihowaan.

18 “‘Sababiin isaas, ani dhugumaan karaa itti miliqxu siifan qopheessa; goraadeedhaanis hin ajjeefamtu. Ati natti waan amanamteef,+ lubbuun kee akka boojuutti siif ni hafa’*+ jedha Yihowaan.”

40 Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe Raamaa+ keessaa erga isa gadhiisee booda dubbiin Yihowaa biraa gara Ermiyaas dhufe isa kana. Nebuzaradaan+ funcaa harkaatiin hidhee achitti isa geessee kan ture yeroo taʼu, innis boojiʼamtoota Yerusaalemii fi Yihudaa warra gara Baabilonitti geeffamaa turan hundumaa gidduu ture. 2 Achiis ajajaan waardiyyootaa sun Ermiyaasiin fuudhee akkana isaan jedhe: “Waaqni kee Yihowaan iddoo kana irratti badiisa kana akka fidu raajii dubbateera; 3 isin Yihowaa irratti cubbuu waan hojjettaniif, sagalee isaatiifis waan hin ajajamneef, Yihowaan akkuma jedhe badiisa kana fideera. Kunis kan isin irra gaʼe kanaafi.+ 4 Kunoo, ani harʼa funcaa harkaa isa harka kee irra jiru si irraa nan hiika. Anaa wajjin gara Baabilon dhaquun gaarii fakkaatee yoo sitti mulʼate, kottu, anis kunuunsa siif nan godha. Anaa wajjin gara Baabilon dhaquu hin barbaaddu yoo taʼe garuu, hin dhufin. Kunoo, guutummaan biyyattii si dura jira. Bakka filatte dhaqi.”+

5 Nebuzaradaan, Ermiyaas of duuba deebiʼuu isaa dura, “Gara Gedaaliyaa+ ilma Ahiqaam+ ilma Shaafaan+ isa mootiin Baabilon magaalota Yihudaa irratti muude sanaatti deebiʼiitii isaa wajjin uummaticha gidduu taaʼi; yookiin immoo bakka filatte dhaqi” isaan jedhe.

Achiis ajajaan waardiyyootaa sun galaa fi kennaa erga isaaf kennee booda isa geggeesse. 6 Kanaafuu, Ermiyaas Misphaatti+ gara Gedaaliyaa ilma Ahiqaam dhaqee isaa wajjin uummata biyyattii keessatti hafan gidduu taaʼe.

7 Yeroo booda ajajjoonni raayyaa waraanaa warri namoota isaanii wajjin dirree keessa turan hundi, mootiin Baabilon biyyattii irratti, akkasumas namoota hiyyeeyyii biyya sanaa keessaa dhiirota, dubartootaa fi ijoollee gara Baabilonitti hin geeffamne irratti Gedaaliyaa ilma Ahiqaam akka muude dhagaʼan.+ 8 Kanaafuu, isaan Misphaatti+ gara Gedaaliyaa dhufan. Isaanis, Ishmaaʼel+ ilma Nataaniyaa, Yohaanaanii+ fi Yonaataan ilmaan Qaareʼaa, Seraayaa ilma Taanhumeet, ilmaan Eefaay Netoofichaa fi Yezaaniyaa+ ilma Maʼaakaatichaa yeroo taʼan, isaanis namoota isaanii wajjin turan. 9 Gedaaliyaan ilmi Ahiqaam ilmi Shaafaanis isaanii fi namoota isaaniitiif akkana jedhee kakate: “Kaladoota tajaajiluu hin sodaatinaa. Biyyattii keessa jiraadhaatii mootii Baabilon tajaajilaa; gaariis isiniif ni taʼa.+ 10 Ani Misphaa keessa taaʼee Kaladoota warra gara keenya dhufan biratti bakka buʼaa keessan nan taʼa.* Isin garuu firii wayinii, firiiwwan bonaa fi zayitii walitti qabaatii miʼawwan itti kuufattan keessa kaaʼaa; magaalota itti geeffamtan keessas jiraadhaa.”+

11 Yihudoonni biyya Moʼaab, Amoonii fi Edoom keessa turan hundi, warri biyyoota kan biroo hundumaa keessa turanis, mootiin Baabilon namoonni sabicha irraa hafan Yihudaa keessa akka jiraatan akka isaaniif heyyamee fi Gedaaliyaa ilma Ahiqaam ilma Shaafaan isaan irratti akka muude dhagaʼan. 12 Kanaafuu, Yihudoonni hundi iddoowwan itti bibittinnaaʼanii turan hundumaa irraa deebiʼuu jalqaban; gara biyya Yihudaa dhufaniis Gedaaliyaa isa Misphaatti argamu bira dhaqan. Firii wayinii fi firiiwwan bonaa baayʼee hedduu taʼes walitti ni qaban.

13 Yohaanaan ilmi Qaareʼaa fi ajajjoonni raayyaa waraanaa warri dirree keessa turan hundi Misphaatti gara Gedaaliyaa dhufan. 14 Isaanis, “Baʼaaliis inni mootii Amoonotaa+ taʼe si ajjeesuuf* Ishmaaʼel ilma Nataaniyaa erguu isaa hin beektuu?”+ isaan jedhan. Gedaaliyaan ilmi Ahiqaam garuu isaan hin amanne.

15 Achiis Yohaanaan ilmi Qaareʼaa Misphaa keessatti dhoksaatti Gedaaliyaadhaan, “Eenyu illee utuu hin beekin dhaqeen Ishmaaʼel ilma Nataaniyaa rukutee ajjeesa. Inni maaliif si ajjeesa?* Namoonni Yihudaa warri si biratti walitti qabaman maaliif bibittinnaaʼu? Warri Yihudaa irraa hafanis maaliif dhumu?” jedhe. 16 Gedaaliyaan+ ilmi Ahiqaam garuu Yohaanaan ilma Qaareʼaatiin, “Ishmaaʼeliin ilaalchisee wanti ati dubbachaa jirtu soba waan taʼeef, akkana hin godhin” jedhe.

41 Jiʼa torbaffaatti Ishmaaʼel+ ilmi Nataaniyaa ilmi Elishaamaa inni sanyii mootii* fi namoota mootichaa warra beekamoo taʼan keessaa tokko taʼe namoota kan biroo kudhanii wajjin Misphaatti+ gara Gedaaliyaa ilma Ahiqaam ni dhufe. Isaan Misphaatti utuma waliin nyaachaa jiranii, 2 Ishmaaʼel ilmi Nataaniyaa fi namoonni kurnan isaa wajjin turan kaʼanii Gedaaliyaa ilma Ahiqaam ilma Shaafaan goraadeedhaan ni ajjeesan. Akka kanaan, inni nama mootiin Baabilon biyyattii irratti muude sana ni ajjeese. 3 Kana malees, Ishmaaʼel Yihudoota Gedaaliyaa wajjin Misphaa keessa turan hundumaa, akkasumas loltoota Kaladootaa warra achi turan ni ajjeese.

4 Gedaaliyaan ajjeefamee guyyaa lammaffaatti, namni tokko illee waaʼee kanaa utuu hin beekin, 5 Sheekem,+ Shiiloo+ fi Samaariyaa+ keessaa namoonni 80ni ni dhufan. Namoonni kun areedni isaanii kan haadamee fi uffanni isaanii kan tatarsaʼe yeroo taʼu, qaama isaaniis kukkutanii turan;+ isaan aarsaa midhaanii fi ixaana adii+ isa gara mana Yihowaatti fidan harka isaaniitti qabatanii turan. 6 Kanaafuu, Ishmaaʼel ilmi Nataaniyaa isaan argachuuf Misphaa keessaa baʼee deeme; yommuu deemus booʼaa ture. Yeroo isaan argus, “Gara Gedaaliyaa ilma Ahiqaam kottaa” isaaniin jedhe. 7 Yommuu isaan gara magaalattiitti seenan garuu Ishmaaʼel ilmi Nataaniyaa fi namoonni isaa erga isaan gorraʼanii booda boolla bishaanii keessatti isaan gatan.

8 Haa taʼu malee, isaan keessaa namoonni kudhan Ishmaaʼeliin, “Nuti qamadii, garbuu, zayitii fi damma maasii keessa dhokfanne waan qabnuuf nu hin ajjeesin” jedhanii turan. Kanaafuu, inni obboloota isaanii wajjin isaan hin ajjeesne. 9 Ishmaaʼel reeffa namoota ajjeese sanaa hundumaa boolla bishaanii guddaa taʼee fi Aasaan Mootichi Baʼaashaa mootii Israaʼeliin kan kaʼe qochisiisee ture tokko keessatti gate.+ Boolli bishaanii Ishmaaʼel ilmi Nataaniyaa reeffa namoota ajjeefamaniitiin guute isa kana ture.

10 Ishmaaʼel ijoollee durbaa mootichaa fi namoota Misphaatti+ hafan warra Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe mana hidhaa Gedaaliyaa+ ilma Ahiqaamitti galchee ture hundumaa dabalatee, namoota Misphaa keessatti argaman kaan hundumaa boojuudhaan ni fudhate. Ishmaaʼel ilmi Nataaniyaa isaan boojiʼee gara Amoonotaatti ceʼuuf qajeele.+

11 Yohaanaan+ ilmi Qaareʼaa fi ajajjoonni raayyaa waraanaa warri isaa wajjin turan hundi hammina Ishmaaʼel ilmi Nataaniyaa raawwate hundumaa yommuu dhagaʼan, 12 namoota sana hundumaa fudhatanii Ishmaaʼel ilma Nataaniyaa waraanuuf baʼanii deeman; achiis bishaan guddaa* Gibeʼonitti argamu biratti isa argatan.

13 Namoonni Ishmaaʼelii wajjin turan hundis Yohaanaan ilma Qaareʼaa fi ajajjoota raayyaa waraanaa isaa wajjin turan hundumaa yommuu argan ni gammadan. 14 Achiis namoonni Ishmaaʼel Misphaadhaa+ boojiʼee ture hundi duubatti garagalanii Yohaanaan ilma Qaareʼaa wajjin deebiʼan. 15 Ishmaaʼel ilmi Nataaniyaa fi namoonni isaa saddeet garuu Yohaanaan jalaa miliqanii gara Amoonotaatti qajeelan.

16 Yohaanaan ilmi Qaareʼaa fi ajajjoonni raayyaa waraanaa hundi namoota Misphaadhaa dhufan kaanii fi Ishmaaʼel ilmi Nataaniyaa Gedaaliyaa+ ilma Ahiqaam erga ajjeesee booda harka isaa jalaa oolchan sana ni fudhatan. Isaan dhiirota, loltoota, dubartoota, daaʼimmanii fi abbootii taayitaa mana mootummaa sana Gibeʼon irraa deebisanii fidan. 17 Kanaafuu, isaan gara Gibxii deemuu+ yaadanii bakka buufataa Kimhaam isa Beetaliheemitti+ aanee argamu deemanii achi taaʼan; 18 kanas kan godhan Kaladootaan kan kaʼe dha. Sababiin isaas, Ishmaaʼel ilmi Nataaniyaa Gedaaliyaa ilma Ahiqaam isa mootiin Baabilon biyyattii irratti muude sana ajjeesuu isaatiin kan kaʼe isaan sodaatanii turan.+

42 Achiis ajajjoonni raayyaa waraanaa hundi, Yohaanaan+ ilmi Qaareʼaa fi Yezaaniyaan ilmi Hoshaayaa, akkasumas guutummaan sabichaa isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti gara isaa dhufanii, 2 Ermiyaas raajichaan akkana jedhan: “Akkuma amma argaa jirtutti, namoota hedduu keessaa kan hafne namoota muraasa qofa waan taaneef, maaloo, wawwaannaa keenya nuuf dhagaʼi; nuufis taʼe warra hafan kana hundumaatiif Waaqa kee Yihowaatti kadhannaa nuuf dhiheessi.+ 3 Waaqni kee Yihowaan daandii irra deemuu qabnuu fi wanta gochuu qabnu nutti haa himu.”

4 Ermiyaas raajichis, “Ani isin dhagaʼeera; akka gaaffii keessaniittis Waaqa keessan Yihowaatti kadhannaa nan dhiheessa; wanta Yihowaan isiniif deebisu hundumaa isinitti nan hima. Wanta tokko illees isin jalaa hin hambisu” jedhee isaaniif deebise.

5 Isaanis akkana jedhanii Ermiyaasiif deebisan: “Akkuma Waaqni kee Yihowaan karaa kee nu ajajetti utuu hin raawwatin yoo hafne, Yihowaan nu irratti ragaa baatuu amanamaa haa taʼu. 6 Sagalee Waaqa keenya Yihowaatiif ajajamuu keenyaan kan kaʼe gaarii akka nuuf taʼuuf, gaariis taʼe hamaa sagalee Waaqa keenya Yihowaa isa itti si ergine sanaatiif ni ajajamna.”

7 Guyyaa kudhan booda sagaleen Yihowaa gara Ermiyaas ni dhufe. 8 Kanaafuu, inni Yohaanaan ilma Qaareʼaa fi ajajjoota raayyaa waraanaa warra isaa wajjin jiran hundumaa, akkasumas guutummaa sabichaa isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti ni waame.+ 9 Achiis akkana isaaniin jedhe: “Yihowaan Waaqni Israaʼel inni wawwaannaa keessan isa duratti akkan dhiheessuuf gara isaatti na ergitan sun akkana jedha: 10 ‘Isin dhugumaan biyya kana keessa yoo jiraattan, badiisa isan isin irratti fidetti waanan gaabbuuf,* isin nan ijaara malee isin hin diigu, isin nan dhaaba malee isin hin buqqisu.+ 11 Mootii Baabilon isa sodaattan sanaan kan kaʼe hin naʼinaa.’+

“Yihowaan akkana jedha: ‘Ani isin oolchuu fi harka isaa jalaa isin baraaruuf isinii wajjin waanan jiruuf, isaan kan kaʼe hin sodaatinaa. 12 Ani gara laafina isinitti nan argisiisa;+ innis gara laafina isinitti argisiisee gara biyya keessaniitti isin deebisa.

13 “‘Haa taʼu malee, “Hin taʼu, biyya kana keessa hin jiraannu!” yoo jettanii fi sagalee Waaqa keessan Yihowaatiif ajajamuu diddanii, 14 “Hin taʼu, nuti gara biyya Gibxii, bakka waraana itti hin argine yookiin sagalee xurumbaa itti hin dhageenye yookiin nyaata dhabnee itti hin beelofne dhaqnee+ achi jiraanna” yoo jettan, 15 isin warri Yihudaa keessaa haftan dubbii Yihowaa dhagaʼaa. Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Isin gara Gibxii dhaquuf kutattanii achi jiraachuuf* yoo dhaqxan, 16 goraadeen sodaattan sun biyya Gibxii keessatti isin bira ni gaʼa; beelli sodaattan sunis isin hordofee gara Gibxii ni dhufa; isinis achitti ni duutu.+ 17 Namoonni gara Gibxii dhaqanii achi jiraachuuf kutatan hundis goraadeedhaan, beelaa fi golfaadhaan* ni duʼu. Tokkoon isaanii illee badiisa ani isaan irratti fidu irraa hin oolan yookiin hin miliqan.”’

18 “Sababiin isaas, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Dheekkamsi koo fi aariin koo jiraattota Yerusaalem irratti akkuma dhangalaʼe,+ isin gara Gibxii yoo deemtan, dheekkamsi koo isin irrattis ni dhangalaʼa; isinis kan abaaramtan, wanta nama sodaachisu, warra salphatanii fi warra arrabsaman ni taatu;+ biyya kanas matumaa lammata hin argitan.’

19 “Yaa warra Yihudaa irraa haftan nana, Yihowaan isin irratti dubbateera. Gara Gibxii hin dhaqinaa. Ani harʼa akkan isin akeekkachiise dhugumaan beekaa; 20 balleessaan keessanis lubbuu keessan akka isin dhabsiisu beekaa. Sababiin isaas isin, ‘Gara Waaqa keenya Yihowaatti kadhannaa nuuf dhiheessi; wanta Waaqni keenya Yihowaan jedhu hundumaas nutti himi; nutis isa ni raawwanna’ jettanii gara Waaqa keessan Yihowaatti na ergitaniittu.+ 21 Anis harʼa isinitti himeera; isin garuu sagalee Waaqa keessan Yihowaatiif hin ajajamtan yookiin wanta inni akkan isinitti himu na erge tokko illee hin raawwattan.+ 22 Kanaafuu, bakka dhaqxanii jiraachuu barbaaddan sanatti goraadeedhaan, beelaa fi golfaadhaan akka duutan dhugumaan beekaa.”+

43 Ermiyaas dubbii Waaqa isaanii Yihowaa biraa dhufe kana hundumaa, jechuunis dubbii Waaqni isaanii Yihowaan akka inni isaanitti himu isa erge hundumaa guutummaa sabichaatti dubbatee yommuu xumuru, 2 Azaariyaan ilmi Hoshaayaa, Yohaanaan+ ilmi Qaareʼaa fi namoonni of tuultuu taʼan hundi Ermiyaasiin akkana jedhan: “Wanti ati jettu kun soba dha! ‘Achi jiraachuuf gara Gibxii hin dhaqinaa’ jettee akka dubbattu Waaqni keenya Yihowaan si hin ergine. 3 Kanaa mannaa, akka nu ajjeesaniif yookiin boojiʼanii gara Baabilonitti akka nu geessaniif, harka Kaladootaatti dabarfamnee akka kennamnu gochuuf Baaruk+ ilma Neriyaatu nu irratti si kakaasaa jira.”+

4 Kanaafuu, Yohaanaan ilmi Qaareʼaa fi ajajjoonni raayyaa waraanaa hundi, akkasumas guutummaan sabichaa ajaja Yihowaa isa biyya Yihudaa keessa akka taaʼan isaaniif kennameef ajajamuu didan. 5 Kanaa mannaa, Yohaanaan ilmi Qaareʼaa fi ajajjoonni raayyaa waraanaa hundi namoota Yihudaa keessaa hafan warra biyya Yihudaa keessa jiraachuuf saboota itti bittinnaaʼanii turan hundumaa irraa dhufan hunda ni fudhatan.+ 6 Isaan dhiirota, dubartoota, daaʼimman, ijoollee durbaa mootichaa fi warra Nebuzaradaan+ inni ajajaa waardiyyootaa taʼe Gedaaliyaa+ ilma Ahiqaam+ ilma Shaafaan+ biratti dhiise hundumaa, akkasumas Ermiyaas raajichaa fi Baaruk ilma Neriyaa ni fudhatan. 7 Isaan sagalee Yihowaatiif ajajamuu didanii gara biyya Gibxii ni dhaqan; hamma Xaafnesittis+ ni qajeelan.

8 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu Xaafnes keessatti gara Ermiyaas ni dhufe: 9 “Dhagoota guguddaa fuudhiitii, utuma Yihudoonni arganii barandaa xuubii balbala mana Faraʼoon isa Xaafnesitti argamu bira jiru keessa dhoksiitii leelee* dibi. 10 Achiis akkana isaaniin jedhi: ‘Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Kunoo, ani Nebukadnezaar* mootii Baabilon isa tajaajilaa koo taʼe nan waama;+ teessoo isaas dhagoota ani dhokse kanaa ol nan kaaʼa; innis dunkaana mootummaa isaa isaan irratti ni diriirsa.+ 11 Dhufees biyya Gibxii ni rukuta.+ Namni dhaʼichaan duʼuu qabu kam iyyuu, dhaʼichaan ni duʼa; namni boojuudhaan fudhatamuu qabu kam iyyuu, ni boojiʼama; namni goraadeedhaan duʼuu qabu kam iyyuus, goraadeedhaan ni duʼa.+ 12 Ani manneen* waaqolii Gibxiitti ibidda nan gadhiisa;+ mootichis isaan ni guba; boojuudhaanis isaan ni fudhata. Akkuma tikseen tokko uffata isaa ofitti marutti, innis biyya Gibxii ofitti ni mara; nagaadhaanis* achii ni deema. 13 Biyya Gibxii keessatti siidaawwan Beet Sheemesh* ni caccabsa; manneen* waaqolii Gibxiis ibiddaan ni guba.”’”

44 Dubbiin Yihudoota biyya Gibxii+ keessa, jechuunis Migdool,+ Xaafnes,+ Noofii*+ fi biyya Phaatros+ keessa jiraatan hundumaa ilaalchisee gara Ermiyaas dhufe kana dha: 2 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Isin badiisa ani Yerusaalem irrattii fi magaalota Yihudaa hundumaa irratti fide hundumaa argitaniittu;+ harʼa isaan diigamanii bakka namni keessa hin jiraanne taʼaniiru.+ 3 Kunis kan taʼe, dhaqanii aarsaawwan dhiheessuudhaan, akkasumas waaqolii kan biroo isaan, isinis taatan abbootiin keessan hin beekne tajaajiluudhaan+ na dheekkamsiisuuf wanta hamaa raawwachuu isaaniitiin kan kaʼe dha.+ 4 Ani, “Maaloo, wanta jibbisiisaa ani jibbu kana hin raawwatinaa” jedhee, raajota warra tajaajiltoota koo taʼan hundumaa irra deddeebiʼee* gara keessanitti erguu koo ittan fufe.+ 5 Isin garuu hin dhageenye yookiin hammina keessan isa waaqolii kan birootiif aarsaawwan dhiheessuudhaan+ raawwattan irraa deebiʼuuf gurra keessan natti hin qabne. 6 Kanaafuu, aariin koo fi dheekkamsi koo dhangalaʼee magaalota Yihudaa fi daandiiwwan Yerusaalem keessatti ni bobaʼe; akkuma harʼa taʼettis isaan ni diigaman, ni onanis.’+

7 “Ammas Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Waaqni raayyaa akkana jedha: ‘Dhiironnii fi dubartoonni, ijoolleenii fi daaʼimman hundi Yihudaa keessaa dhumanii namni isiniif hafu akka dhabamu gochuuf badiisa guddaa kana kan ofitti* fiddan maaliifi? 8 Biyya Gibxii isa keessa jiraachuuf dhaqxan sana keessatti waaqolii kan birootiif aarsaa dhiheessuudhaan, hojiiwwan harka keessaniitiin kan na dheekkamsiistan maaliifi? Isin ni dhumtu; saboota lafaa hundumaa durattis kan abaaramtanii fi kan arrabsamtan ni taatu.+ 9 Gocha hamminaa abbootii keessanii, gocha hamminaa mootota Yihudaa+ fi gocha hamminaa haadhotii manaa isaanii,+ akkasumas gocha hamminaa keessanii fi gocha hamminaa haadhotii manaa keessanii+ isa biyya Yihudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti raawwatame ni irraanfattanii? 10 Isaan hamma harʼaatti gad of hin qabne, hin sodaannes;+ akka seera koo fi dambiiwwan koo warra ani isinii fi abbootii keessan dura kaaʼe sanaattis hin deddeebine.’+

11 “Kanaafuu, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Kunoo, ani guutummaa Yihudaa balleessuuf jecha badiisa isinitti fiduuf murteesseera. 12 Namoota Yihudaa warra hafan, warra achi jiraachuuf gara biyya Gibxii deemuuf kutatan sana nan qabadha; hundi isaaniis biyya Gibxii keessatti ni dhumu.+ Isaan goraadeedhaan ni ajjeefamu, beelaanis ni dhumu; isa xinnaadhaa hamma isa guddaattis goraadee fi beelaan ni duʼu. Akkasumas kan abaaraman, wanta nama sodaachisu, warra salphatanii fi warra arrabsaman ni taʼu.+ 13 Akkuman Yerusaalemiin goraadeedhaan, beelaa fi golfaadhaan* adabe, warra biyya Gibxii keessa jiraatanis nan adaba.+ 14 Namoonni Yihudaa irraa hafan warri biyya Gibxii keessa jiraachuuf dhaqan sun miliqanii yookiin oolanii biyya Yihudaatti hin deebiʼan. Isaan deebiʼanii achi jiraachuuf ni hawwu;* garuu namoota miliqan muraasa malee, isaan achitti hin deebiʼan.’”

15 Dhiironni haadhotiin manaa isaanii waaqolii kan birootiif aarsaa dhiheessaa akka turan beekan hundii fi haadhotiin manaa achi dhaabbachaa turan hundi, warri tuuta guddaa taʼan, akkasumas namoonni biyya Gibxii,+ jechuunis Phaatros+ keessa jiraachaa turan hundi akkana jedhanii Ermiyaasiif deebisan: 16 “Dubbii maqaa Yihowaatiin nutti dubbatte kana hin dhageenyu. 17 Kanaa mannaa, dubbii afaan keenya dubbate hundumaa dhugumaan ni raawwanna; akkuma nutis taane abbootiin keenya, mootonni keenyaa fi bulchitoonni keenya magaalota Yihudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti gochaa turretti Mootuu Samiitiif* aarsaawwan ni dhiheessina, aarsaawwan dhugaatiis ishiidhaaf ni dhangalaasna;+ yeroo sanatti nuti nyaata ni quufna turre, sooreyyii turre, badiisni tokko illees nu irra hin gaʼu ture. 18 Yeroo Mootuu Samiitiif* aarsaawwan dhiheessuu fi aarsaawwan dhugaatii ishiidhaaf dhangalaasuu dhiisne irraa jalqabee garuu, wanta hunda dhabneerra; goraadee fi beelaanis dhumneerra.”

19 Dubartoonnis itti dabaluudhaan akkana jedhan: “Yommuu Mootuu Samiitiif* aarsaawwan dhiheessaa fi aarsaawwan dhugaatii ishiidhaaf dhangalaasaa turretti, boca ishiitiin bixxillee aarsaa taʼu kan tolchinee fi aarsaawwan dhugaatii ishiidhaaf kan dhangalaasne heyyama abbootii manaa keenyaatiin alatti turee?”

20 Achiis Ermiyaas namoota sana hundumaatiin, jechuunis dhiirota sanaa fi haadhotii manaa isaanii, akkasumas namoota isatti dubbachaa turan sana hundumaatiin akkana jedhe: 21 “Aarsaawwan isin, abbootiin keessan, mootonni keessan, bulchitoonni keessanii fi namoonni biyyattii magaalota Yihudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti dhiheessitan+ sana Yihowaan yaadateera, inni isaan hin irraanfanne!* 22 Dhuma irrattis Yihowaan gochawwan hamminaa keessanii fi wantoota jibbisiisoo raawwattan obsuu hin dandeenye; akkuma harʼa taʼettis biyyi keessan ona, wanta sodaachisu, kan abaaramee fi bakka namni keessa hin jiraanne taʼe.+ 23 Isin aarsaawwan kana waan dhiheessitaniif, akkasumas sagalee Yihowaatiif ajajamuu diddanii seera isaa, dambiiwwan isaa fi yaadachiisawwan isaa hordofuu diduudhaan Yihowaa irratti cubbuu waan hojjettaniif, akkuma harʼa taʼetti badiisni kun isin irra gaʼeera.”+

24 Ermiyaas itti fufuudhaan namoota sana hundumaa fi dubartoota sana hundumaatiin akkana jedhe: “Isin namoonni Yihudaa warri biyya Gibxii keessa jirtan hundi dubbii Yihowaa dhagaʼaa. 25 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Isinis taatan haadhotiin manaa keessan, wanta afaan keessaniin dubbattan harka keessaniin raawwattaniittu; sababiin isaas isin, “Kakuu Mootuu Samiitiif* aarsaawwan dhiheessuu fi aarsaawwan dhugaatii ishiidhaaf dhangalaasuuf galle dhugumaan ni raawwanna” jettaniittu.+ Isin dubartoonni dhugumaan kakuu keessan ni raawwattu, hojii irras ni oolchitu.’

26 “Kanaafuu, isin namoonni Yihudaa warri biyya Gibxii keessa jiraattan hundi dubbii Yihowaa kana dhagaʼaa: ‘Yihowaan akkana jedha: “Maqaa koo isa guddaadhaan nan kakadha, kana booda guutummaa biyya Gibxii keessatti maqaan koo nama Yihudaa isa, ‘Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha!’+ jedhu kamiin iyyuu kakaadhaan hin waamamu.+ 27 Ammas wanta gaarii utuu hin taʼin badiisa isaanitti fiduuf eeggachaan jira;+ namoonni Yihudaa warri biyya Gibxii keessa jiran hundi hamma haxaaʼamanii balleeffamanitti goraadee fi beelaan ni dhumu.+ 28 Namoota muraasa qofatu goraadee jalaa miliqee biyya Gibxii irraa gara biyya Yihudaatti deebiʼa.+ Yeroo sanatti namoonni Yihudaa warri hafanii fi achi jiraachuuf gara biyya Gibxii dhaqan hundi dubbii koo fi dubbii isaanii keessaa kan eenyuu akka raawwatame ni hubatu!”’”

29 “Yihowaan akkana jedha: ‘Badiisni akkan isin irratti fidu dubbadhe sun dhugumaan akka raawwatamu akka beektaniif bakka kanatti isin nan adaba; kunis mallattoo isiniif ni taʼa. 30 Yihowaan akkana jedha: “Akkuman Zedeeqiyaa mootii Yihudaa harka Nebukadnezaar* mootii Baabilon isa diina isaa taʼee fi lubbuu isaa balleessuu barbaadu* sanatti dabarsee kenne, Fara’oon Hofraa mootii Gibxiis harka diinota isaattii fi harka warra lubbuu isaa balleessuu barbaadaniitti* dabarsee nan kenna.”’”+

45 Yehoyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii taʼee waggaa arfaffaatti,+ yommuu Baaruk+ ilmi Neriyaa dubbii Ermiyaas afaaniin itti hime kana kitaaba irratti barreessetti+ dubbiin Ermiyaas isatti dubbate isa kana:

2 “Yaa Baaruk, Yihowaan Waaqni Israaʼel waaʼee kee akkana jedha: 3 ‘Ati, “Yihowaan rakkina koo irratti gadda waan dabaleef, anaaf wayyoo! Aaduu koo irraa kan kaʼe dadhabeera; bakka boqonnaas hin arganne” jetteetta.’

4 “Akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, ani guutummaa biyyattii keessatti wantan ijaare nan diiga, wantan dhaabes nan buqqisa.+ 5 Ati garuu ofii keetiif wantoota guguddaa barbaadaa* jirta. Wantoota akkanaa barbaaduu kee dhiisi.”’

“‘Sababiin isaas, ani foon* hundumaa irratti badiisa nan fida,+ bakka dhaqxu hundumaattis lubbuu kee akka boojuutti siif nan kenna’* jedha Yihowaan.”+

46 Dubbiin Yihowaa saboota ilaalchisee gara Ermiyaas raajichaa dhufe isa kana:+ 2 Gibxiidhaaf,+ jechuunis raayyaa waraanaa Faraʼoon Nekoo+ mootii Gibxii isa Laga Efraaxis biratti argamuu fi Yehoyaaqiim+ ilmi Yosiyaas mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti Nebukadnezaar* mootiin Baabilon Kaarkemiishitti injifate sana ilaalchisee dubbiin dhufe isa kana:

 3 “Gaachanoota kee warra xixinnaa* fi gaachanoota kee warra guguddaa qopheessi,

Gara waraanaattis qajeeli.

 4 Isin abbootiin fardeenii, fardeen feʼadhaa, irras taaʼaa.

Iddoo keessan qabadhaa, baarmeexaa sibiilaa keessanis godhadhaa.

Eeboo qaradhaa, kootii sibiilaa keessanis uffadhaa.

 5 ‘Isaan akka malee sodaatanii kanan argu maaliifi?

Isaan baqachaa jiru, loltoonni isaaniis moʼamaniiru.

Naasuudhaan baqataniiru, loltoonni isaanii of irra hin garagalle.

Bakka hundumaa jeequmsatu jira’ jedha Yihowaan.

 6 ‘Inni saffisa qabu baqachuu hin dandaʼu, loltoonnis miliquu hin dandaʼan.

Isaan karaa kaabaatiin, Laga Efraaxis biratti,

Gufatanii kufaniiru.’+

 7 Inni akka Laga Abbayyaatti,

Akka lageen dambaliiwwan bishaanii qabanitti dhufaa jiru kun eenyu?

 8 Gibxiin akkuma Laga Abbayyaatti,+

Akkuma lageen dambaliiwwan bishaanii qabanitti dhuftee,

‘Ani ol baʼee lafa nan uwwisa.

Magaalattii fi warra ishii keessa jiraatan nan balleessa’ jetti.

 9 Isin fardeen, ol baʼaa!

Isin gaariiwwan fardaas, akka malee fiigaa!

Loltoonni haa baʼan,

Kuushii fi Puut warri gaachanatti fayyadaman,+

Namoonni Luudim+ warri iddaatti fayyadamanii fi iddaa dabsanis*+ haa baʼan.

10 “Guyyaan sun guyyaa Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa diinota isaa irratti haaloo itti baʼu dha. Yihowaan Gooftaan Raayyaa inni Gooftaa Ol Aanaa taʼe biyya kaabaa keessatti Laga Efraaxis+ biratti aarsaa* qopheesse waan qabuuf, goraadeen dhiiga isaanii ni nyaata, ni quufas.

11 Yaa intala Gibxii ishii durba taate nana,

Zayitii fiduuf gara Giiliyaaditti ol baʼi.+

Ati fayyuu waan hin dandeenyeef,

Qoricha baayʼifachuun kee gatii hin qabu.+

12 Saboonni salphina kee dhagaʼaniiru,+

Iyyi kees biyyattii keessa guuteera.

Loltuun loltuu gufachiisa,

Lamaan isaanii iyyuu waliin ni kufu.”

13 Dubbiin Yihowaan Nebukadnezaar* mootiin Baabilon biyya Gibxii rukutuuf akka dhufu Ermiyaas raajichatti dubbate isa kana:+

14 “Gibxii keessatti kana labsaa, Migdool keessattis beeksisaa.+

Noofii* fi Xaafnes+ keessatti kana labsaa.

Akkana jedhaa: ‘Goraadeen naannoo kee hundumaa waan nyaatuuf,

Iddoo kee qabadhu, of qopheessis.

15 Namoonni keessan warri jajjaboon haxaaʼamanii kan balleeffaman maaliifi?

Yihowaan gad waan isaan qabeef,

Isaan iddoo isaanii irra hin dhaabbanne.

16 Namoonni isaanii hedduun gufatanii kufaniiru.

Isaan, “Gara jabina goraadeetiin kan kaʼe,

Kaʼaa, gara saba keenyaattii fi gara biyya keenyaatti haa deebinu”

Waliin jechaa jiru.’

17 Isaan achitti, ‘Faraʼoon mootiin Gibxii oduu baayʼisa,

Carraa argatetti* hin fayyadamne’

Jedhanii labsaniiru.+

18 Mootichi inni maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼe akkana jedha: ‘Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha,’

‘Inni* akkuma Taabor+ isa gaarota gidduutti argamuutti,

Akkuma Qarmeelos+ isa galaanicha biratti argamuutti ni dhufa.

19 Yaa intala Gibxii keessa jiraattu nana,

Miʼa kee boojuudhaaf qopheeffadhu.

Sababiin isaas, Noof* wanta sodaachisu ni taati;

Ibiddaan ni gubamti,* bakka namni keessa hin jiraannes ni taati.+

20 Gibxiin akkuma goromsa bareedduu ti,

Haa taʼu malee, qarxaasaan kaaba irraa ishiitti ni dhufa.

21 Loltoonni ishii warri mindeeffamanii fi gidduu ishiitti argaman illee akkuma jabbilee gabbatanii ti,

Haa taʼu malee, isaanis duubatti deebiʼanii waliin baqataniiru.

Guyyaan badiisa isaanii,

Yeroon itti qoratamanis waan isaanitti dhufeef,

Isaan iddoo isaanii irra dhaabbachuu hin dandeenye.’+

22 ‘Sagaleen ishii akkuma sagalee bofa loʼuu ti,

Sababiin isaas, isaan akkuma namoota muka muraniitti*

Qottoo qabatanii humnaan ishiitti dhufu.

23 Bosonni ishii kan keessa hin darbamne fakkaatus, isaan bosona ishii ni ciru’ jedha Yihowaan.

‘Sababiin isaas, isaan awwaannisoota caalaa hedduu dha, lakkoofsi isaaniis hammana hin jedhamu.

24 Intalli Gibxii ni qaaneffamti.

Namoota kaabaattis dabarfamtee ni kennamti.’+

25 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Kunoo, ani xiyyeeffannaa koo gara Amoon+ isa waaqa Noo*+ taʼetti, gara Faraʼoonitti, gara Gibxiitti, gara waaqolii ishiittii+ fi gara mootota ishiitti, eeyyee, gara Faraʼoonii fi gara warra isatti amanaman hundumaatti nan deebisa.’+

26 “‘Harka warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadaniitti,* harka Nebukadnezaar* mootii Baabilonittii fi harka tajaajiltoota isaatti dabarsee isaan nan kenna.+ Haa taʼu malee, ishiin sana booda akkuma kanaan duraa bakka namoonni keessa jiraatan ni taati’ jedha Yihowaan.+

27 ‘Tajaajilaa koo kan taate yaa Yaaqoob, hin sodaatin,

Yaa Israaʼel, hin naʼin.+

Sababiin isaas, ani siin biyya fagoo irraa,

Sanyii kees biyya boojiʼamanii itti fudhataman irraa nan deebisa.+

Yaaqoob ni deebiʼa, utuu hin jeeqamin tasgabbiidhaan ni jiraata,

Kan isa sodaachisus hin jiraatu.+

28 Kanaafuu, tajaajilaa koo kan taate yaa Yaaqoob, ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin.

Saboota ani gidduu isaaniitti si bittinneesse hundumaa haxaaʼee nan balleessa;+

Siin garuu haxaaʼee hin balleessu.+

Ani hamma siif malu sin adaba* malee,+

Matumaa utuun si hin adabin hin dhiisu’ jedha Yihowaan.”

47 Faraʼoon Gaazaa rukutuu isaa dura, dubbiin Yihowaa Filisxeemiin+ ilaalchisee gara Ermiyaas raajichaa dhufe isa kana: 2 Yihowaan akkana jedha:

“Kunoo, bishaanonni kaaba irraa dhufaa jiru.

Isaan lolaa yaaʼu ni taʼu.

Biyyattii fi wanta ishii keessa jiru hundumaa,

Magaalattii fi namoota ishii keessa jiraatanis ni liqimsu.

Namoonni ni iyyu,

Warri biyyattii keessa jiraatan hundis ni gadoodu.

 3 Sagalee kottee fardeen kormaa isaatiin,

Sagalee kililchuu gaariiwwan fardaa waraanaa isaatiin,

Akkasumas sagalee geengoowwan isaa isa wal irraa hin cinneen kan kaʼe,

Abbootiin harki isaanii waan laafuuf,

Ijoollee isaanii oolchuuf illee duubatti hin garagalan;

 4 Sababiin isaas, guyyaan dhufu sun Filisxeemota+ hundumaa ni balleessa;

Michoota Xiirosii+ fi Siidoon+ warra hafan hundumaas isaan irraa ni kuta.

Yihowaan Filisxeemota

Warra odola Kaaftor*+ irraa hafan ni balleessa.

 5 Gaazaan ni molatti.*

Ashqaloon ni callisiifamti.+

Yaa warra dirree isaanii isa sulula keessatti argamu* keessatti haftan nana,

Hamma yoomiitti qaama keessan kukkuttu?+

 6 Yaa goraadee Yihowaa,+

Hamma yoomiitti calluma jechuu dhiista?

Gara manʼee keetti deebiʼi.

Boqodhu, calluma jedhi.

 7 Utuma Yihowaan ajaja isaaf kennee jiruu,

Akkamitti cal jechuu dandaʼa?

Inni Ashqaloonii fi qarqara galaanaa+ irratti

Goraadee sana ramadeera.”

48 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa Moʼaabiin+ ilaalchisee akkana jedha:

“Ishiin waan balleeffamteef, Neboodhaaf+ wayyoo!

Qiriyaataayim+ qaaneffamteetti, qabamteettis.

Iddoo amansiisaan kooluu itti galamu* qaaneffameera, caccabeeras.+

 2 Isaan kana booda Moʼaabiin hin jajatan.

‘Kottaa, saba taʼuun ishii akka hafu haa goonu,’

Jedhanii ishii kuffisuuf Heshboon+ keessatti mala qopheessan.

Atis yaa Maadmeen,

Goraadeen si hordofaa waan jiruuf calluma jedhi.

 3 Sagaleen iyyaa, sagaleen badiisaa fi sagaleen kufaatii guddaa,

Horonaayim+ keessaa ni dhagaʼama.

 4 Moʼaab cabdeetti.

Ijoolleen ishii warri xixinnoonis ni iyyu.

 5 Isaan tabba Luhiit irra yommuu ol baʼanitti utuu wal irraa hin kutin ni booʼu.

Daandii Horonaayim irraa gad buusu irrattis namoonni badiisa sanaan kan kaʼe yommuu iyyan ni dhagaʼu.+

 6 Baqadhaa, lubbuu keessan oolfadhaa!

Akkuma muka birbirsaa lafa onaa keessa jiruu taʼaa.

 7 Hojii kee fi qabeenya keetti waan amanamteef,

Atis ni qabamta.

Kemoosh+ luboota isaa fi bulchitoota isa tajaajilanii wajjin

Boojuudhaan ni fudhatama.

 8 Inni badiisa geessisu sun gara magaalaa hundumaatti ni seena,

Magaalaan tokko illees hin oolu.+

Akkuma Yihowaan jedhetti, sululichi* ni bada,

Lafti diriiraanis* ni balleeffama.

 9 Moʼaabiif mallattoo daangaa kaaʼaa,

Sababiin isaas, yommuu magaalonni ishii diigamanitti namoonni ishii ni baqatu,

Magaalonni ishiis wanta sodaachisuu fi

Bakka namni keessa hin jiraanne ni taʼu.+

10 Namni hojii Yihowaa dhimmee hin raawwanne abaaramaa dha!

Namni goraadee isaa dhiiga dhangalaasuu irraa deebisu abaaramaa dha!

11 Akkuma daadhii wayinii siicoo irra taaʼeetti

Moʼaabonnis ijoollummaa isaaniitii jalqabee tasgabbiidhaan taaʼaniiru.

Isaan miʼa tokko irraa gara miʼa kan biraatti hin garagalfamne,

Boojuudhaanis fudhatamanii hin beekan.

Dhandhamni isaanii akkuma duraanii kan taʼe kanaafi,

Urgaan isaaniis hin jijjiiramne.

12 “Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, guyyaan ani isaan garagalchuuf namoota itti ergu ni dhufa. Isaanis isaan gombisu, miʼawwan isaanii duwwaa godhu, hubboowwan isaanii warra guguddaa taʼanis ni caccabsu. 13 Akkuma manni Israaʼel Beetel ishii amanannaa isaanii taatetti qaanaʼan, Moʼaabonnis Kemooshitti ni qaanaʼu.+

14 Isin, “Nuti loltoota jajjaboo waraanaaf qophoofne dha” jettanii dubbachuuf akkamitti onnattan?’+

15 ‘Moʼaab balleeffamteetti,

Magaalonni ishii weeraramaniiru,+

Dargaggoonni ishii warri filatamoo taʼanis gorraʼamaniiru’+

Jedha Mootichi inni maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼe.+

16 Badiisni Moʼaabota irra gaʼu dhiheenyatti ni dhufa,

Kufaatiin isaaniis hatattamaan dhihaachaa jira.+

17 Warri naannoo isaaniitti argaman hundi,

Warri maqaa isaanii beekan hundis isaaniif ni gaddu.

‘Uleen jabaan, bokkuun bareedinaa akkamitti cabuu dandaʼe?’ isaaniin jedhaa.

18 Yaa intala Diboon+ keessa jiraattu nana,

Ulfina kee irraa gad buʼiitii dheebodhuu* taaʼi;

Sababiin isaas, inni Moʼaabiin balleessu sun sitti dhufeera,

Iddoowwan kee warra dallaa dhagaa qabanis ni diiga.+

19 Yaa ishii Aroʼer+ keessa jiraattu nana, daandii qarqara dhaabbadhuutii ilaali.

‘Maaltu uumame?’ jedhiitii dhiira baqachaa jiruu fi dubartii miliqaa jirtu gaafadhu.

20 Moʼaab qaanofteetti, jeeqamteettis.

Isin gadoodaa, iyyaas.

Moʼaab balleeffamuu ishii Arnoon+ keessatti labsaa.

21 “Murtiin lafa diriiraa*+ irratti, Hoolon, Yaahaazii+ fi Mefaat+ irratti, 22 Diboon,+ Neboo+ fi Beet Diblaataayim irratti, 23 Qiriyaataayim,+ Beet Gaamulii fi Beet Meʼoon+ irratti, 24 Qeriyootii+ fi Boozraa irratti, akkasumas magaalota biyya Moʼaab warra fagoo fi dhihootti argaman hundumaa irratti dhufeera.

25 ‘Jabinni* Moʼaab kutameera;

Irreen isaas cabeera’ jedha Yihowaan.

26 ‘Inni Yihowaa irratti waan ol of qabeef,+ isa macheessaa.+

Moʼaab hooqqisa isaa keessa gangalata,

Wanta itti qoosamus taʼeera.

27 Israaʼel siif wanta itti qoosamu taʼeera mitii?+

Ati mataa kee raastee isa irratti kan dubbattu,

Inni hattoota gidduutti argameetii?

28 Yaa jiraattota Moʼaab, magaalota keessaa baʼaatii kattaa irra jiraadhaa,

Akkuma gugee qarqara hallayyaatti manʼee ishii ijaarrattus taʼaa.’”

29 “Nuti waaʼee koora Moʼaab dhageenyeerra, inni baayʼee of bokoksa,

Waaʼee of guguddisuu isaa, waaʼee koora isaa, waaʼee of bokoksuu isaa fi garaan isaa of tuultuu taʼuu isaa dhageenyeerra.”+

30 “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani aarii isaa isa guddaa nan beeka,

Taʼus dubbiin isaa inni gatii hin qabne ni bada.

Isaan homaa gochuu hin dandaʼan.

31 Ani Moʼaabiif kanan gadoodu kanaafi,

Guutummaa Moʼaabiif nan iyya,

Namoota Qiir Hereesiifis+ nan aada.

32 Yaa muka wayinii Sibmaa,+

Booʼicha Yaazeeriif+ booʼame caalaa siif nan booʼa.

Dameewwan kee warri lalisoon galaanicha gamatti ceʼaniiru.

Isaan galaanicha bira, Yaazeer bira gaʼaniiru.

Inni badiisa geessisu sun

Gara firii bonaa keettii fi gara makara firii wayinii keetti gad buʼeera.+

33 Gammachuunii fi ililchi maasii fuduraa irraa,

Biyya Moʼaab irraas badeera.+

Ani daadhiin wayinii bakka daadhii wayinii itti cuunfan irraa dhangalaʼuu akka dhiisu godheera.

Eenyu iyyuu ililchaa wayinii hin dhidhiitu.

Iyyi sun iyya addaa ni taʼa.’”+

34 “‘Iyyi Heshboon+ irraa hamma Eleʼaaleetti+ dhagaʼamu tokko jira.

Isaan hamma Yaahaazitti,+

Zoʼaar irraa hamma Horonaayimitti,+ hamma Eglaat Sheliishiyaatti sagalee isaanii ol kaasanii ni iyyu.

Bishaanonni Nimriim illee ni gogu.+

35 Inni iddoo ol kaʼaa irratti aarsaa fidu,

Inni waaqa isaatiif aarsaawwan dhiheessus

Moʼaab keessaa akka badu nan godha’ jedha Yihowaan.

36 ‘Garaan koo akkuma ululleetti* Moʼaabiif kan aadu* kanaafi,

Garaan koo akkuma ululleetti* namoota Qiir Hereesiif ni aada.*+

Sababiin isaas, qabeenyi inni horate ni bada.

37 Mataan hundi molateera,+

Areedni hundis murameera.

Harki hundi mummurameera,+

Mudhii isaanii irras uffata gaddaatu jira!’”+

38 “‘Baaxiiwwan Moʼaab hundumaa irratti,

Addabaabayiiwwan ishii hundumaa keessattis,

Gadooduu qofatu dhagaʼama.

Sababiin isaas, ani akkuma hubboo gatameetti

Moʼaabiin cabseera’ jedha Yihowaan.

39 ‘Ishiin akkam naate! Isin namoonni gadoodaa!

Moʼaab akkam qaanaʼee duubatti garagale!

Moʼaab wanta itti qoosamu,

Warra naannoo isaatti argaman hundumaa birattis wanta sodaachisaa taʼeera.’”

40 “Yihowaan akkana jedha:

‘Kunoo, akkuma risaa saffisaan gad buʼuutti,+

Inni qoochoo* isaa Moʼaab irratti ni diriirsa.+

41 Magaalonni ni qabamu,

Dahoowwan ishiis ni fudhatamu.

Guyyaa sanatti garaan loltoota Moʼaab

Akkuma garaa dubartii ciniinsuu irra jirtuu ni dhiphata.’”

42 “‘Moʼaab Yihowaa irratti waan ol of qabeef,+

Saba taʼuun isaa ni hafa.+

43 Yaa isa Moʼaab keessa jiraattu nana,

Naasuun, boollii fi kiyyoon si dura jira’ jedha Yihowaan.

44 ‘Namni naasuu jalaa baqatu kam iyyuu boolla keessatti kufa,

Namni boolla keessaa baʼu kam iyyuus kiyyoodhaan ni qabama.’

‘Sababiin isaas, ani waggaa isaan itti adabaman Moʼaab irratti nan fida’ jedha Yihowaan.

45 ‘Warri baqatan dadhabanii gaaddisa Heshboon jala ni dhaabbatu.

Sababiin isaas, ibiddi Heshboon keessaa,

Laboobnis Sihoon gidduudhaa ni baʼa.+

Innis adda Moʼaab,

Buqqee mataa ilmaan jeequmsaas ni nyaata.’+

46 ‘Yaa Moʼaab, siif wayyoo!

Namoonni Kemoosh+ dhumaniiru.

Ijoolleen dhiiraa kee boojiʼamaniiru,

Ijoolleen durbaa kees boojuudhaan fudhatamaniiru.+

47 Haa taʼu malee, guyyoota dhumaatti warra Moʼaab keessaa boojiʼaman walitti nan qaba.

Murtiin Moʼaab irratti dabarfame as irratti xumurama’ jedha Yihowaan.”+

49 Amoonota+ ilaalchisee Yihowaan akkana jedha:

“Israaʼel ilmaan hin qabuu?

Dhaaltuu hoo hin qabuu?

Maarree Maalkaam+ Gaadiin kan dhaale maaliifi?+

Namoonni isaa magaalota Israaʼel keessa kan jiraatan hoo maaliifi?”

 2 “Yihowaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, kunoo,

Guyyaan ani sagaleen mallattoo* waraanaa Raabaa+ ishii kan Amoonotaa+ taate irratti akka dhagaʼamu itti godhu ni dhufa.

Ishiin tabba one ni taati,

Magaalonni ishii jalatti* argamanis ibiddaan ni gubamu.’

‘Israaʼelis warra iddoo isaa irraa isa ariʼanii turan ni dhaala’+ jedha Yihowaan.

 3 ‘Yaa Heshboon, Aay waan balleeffamteef gadoodi!

Isin magaalonni Raabaa jalatti argamtan, iyyaa.

Uffata gaddaa uffadhaa.

Maalkaam luboota isaa fi bulchitoota isa tajaajilanii wajjin

Boojuudhaan waan fudhatamuuf,

Gadoodaa, dallaa dhagaa* gidduus asii fi achi deemaa.+

 4 Yaa intala amanamtuu hin taane,

Yaa ishii qabeenya ofii amanattuu fi “Eenyutu natti dhufa?” jettu nana,

Sululawwan* sanaan,

Dirree kee isa oomisha kennu sanaan kan of jajju maaliifi?’”

 5 “Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

‘Kunoo, ani warra sitti marsanii jiran hundumaa irraa wanta sodaachisaa tokko sitti nan fida.

Isinis kallattii hundumaatiin ni faffacaatu,

Warra baqatanis eenyu iyyuu walitti hin qabu.’”

 6 “‘Haa taʼu malee, sana booda Amoonota warra boojiʼaman walitti nan qaba’ jedha Yihowaan.”

7 Edoomiin ilaalchisee Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

“Kana booda Temaan+ keessatti ogummaan akkamii iyyuu hin argamuu?

Warra hubannaa qaban jalaa gorsi gaariin ni badee?

Ogummaan isaanii hoo gatii kan hin qabne taʼee?

 8 Yaa jiraattota Deedaan,+ baqadhaa, duubatti deebiʼaa!

Dhaqaatii iddoo gad fagoo keessa jiraadhaa!

Sababiin isaas, yeroon xiyyeeffannaa koo gara isaatti itti naannessu yommuu dhufu

Esaawu irratti badiisa nan fida.

 9 Warri firii wayinii funaanan gara kee yommuu dhufan,

Qaarmiidhaaf akka taʼutti muraasa isaa hin hambisanii?

Hattoonni halkaniin yoo dhufan,

Hammuma barbaadan badiisa geessisu.+

10 Ani garuu Esaawuun qullaatti nan hambisa.

Akka inni dhokachuu hin dandeenyeefis,

Iddoowwan dhokannaa isaa nan saaxila.

Ijoolleen isaa, obboloonni isaa fi olloonni isaa hundi ni balleeffamu,+

Innis kana booda hin jiraatu.+

11 Ijoollee kee warra abbaa hin qabne dhiisi,

Ani lubbuudhaan isaan nan tursa,

Dubartoonni kee warri abbaan manaa irraa duʼes natti amanamu.”

12 Sababiin isaas, Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, warri xoofoo dheekkamsaa akka dhugan itti hin murteeffamne dhuguu qabu erga taʼee, ati hoo guutummaatti utuu hin adabamin ni haftaa? Ati isa dhuguu waan qabduuf, utuu hin adabamin hin haftu.”+

13 “Sababiin isaas, ani Boozraan wanta nama sodaachisu,+ kan arrabsamte, badiisni kan irra gaʼee fi kan abaaramte akka taatu ofiin kakadheera; magaalonni ishii hundis yeroo hundumaatiif ona ni taʼu” jedha Yihowaan.+

14 Ani gabaasa Yihowaa biraa dhufe tokko dhagaʼeera,

Ergamaan akkana jedhu tokko saboota gidduutti ergameera:

“Walitti qabamaatii ishiitti kottaa;

Waraanaaf qophaaʼaa.”+

15 “Kunoo, ani saboota gidduutti homaatti kan hin lakkaaʼamne,

Namoota gidduuttis kan tuffatamte akka taatu si godheera.+

16 Yaa ishii dahoo kattaa keessa jiraattuu fi

Tabba ol kaʼaa irra buufattu nana,

Naasuun ati geessiste,

Of tuulummaan garaa keetiis si gowwoomseera.

Ati akka risaatti manʼee kee ol fageessitee yoo ijaarratte illee,

Achi irraa gad sin buusa” jedha Yihowaan.

17 “Edoomis wanta sodaachisu ni taati.+ Namni ishii bira darbu hundi sodaadhaan ishii ilaala, dhaʼicha ishii irra gaʼe hundumaatiin kan kaʼes ni siiqsa. 18 Akkuma yeroo Sodoomii fi Gomoraan, akkasumas magaalonni ollaa isaanii turan garagalfamanitti taʼe,+ eenyu iyyuu achi hin jiraatu, namni tokko illees achi hin buufatu”+ jedha Yihowaan.

19 “Kunoo, qaamni tokko akka leenca tusii gobbuu Yordaanos bira jiru keessaa baʼuutti+ iddoo dheedichaa amansiisaa taʼe kanatti ni dhufa; ani garuu yeruma sana ishii irraa akka baqatu nan godha. Isa filatame sanas ishii irratti nan muuda. Kan akka kootii eenyu? Kan na mormu hoo eenyu? Tikseen na dura dhaabbachuu dandaʼu isa kami?+ 20 Kanaafuu, yaa namootaa, murtoo Yihowaan Edoom irratti dabarsee fi wanta inni jiraattota Temaan+ irratti fiduu yaade dhagaʼaa:

Ilmooleen bushaayee sanaa harkifamanii fudhatamuun isaanii hin oolu.

Inni isaaniin kan kaʼe iddoo jireenyaa isaanii ona ni godha.+

21 Sagalee yommuu isaan kufan dhagaʼamuun kan kaʼe lafti ni kirkirte.

Iyyi tokko ni dhagaʼame!

Sagaleen sunis hamma Galaana Diimaatti+ ni dhagaʼame.

22 Kunoo, inni akkuma risaatti ol baʼee saffisaan gad ni buʼa,+

Qoochoo isaas Boozraa+ irratti ni diriirsa.

Guyyaa sanatti garaan loltoota Edoom

Akkuma garaa dubartii ciniinsuu irra jirtuu ni dhiphata.”

23 Dubbii Damaasqoo+ ilaalchisee dubbatame:

Oduu hamaa waan dhagaʼaniif

Hamaatii+ fi Arpaad qaana’aniiru.

Isaan sodaadhaan baqaniiru.

Galaanicha keessa jeequmsa tasgabbaaʼuu hin dandeenyetu jira.

24 Damaasqoon onnachuu hin dandeenye.

Baqachuuf of irra garagalte, garuu naasuun ishii qabate.

Akkuma dubartii ciniinsuu irra jirtuu,

Dhiphinnii fi dhukkubbiin ishii qabateera.

25 Magaalaan ulfina qabeettii taate,

Magaalaan gammachuudhaan guutamte utuu hin onin kan hafte akkamitti?

26 Sababiin isaas, dargaggoonni ishii addabaabayiiwwan ishii irratti ni kukkufu,

Loltoonni hundis guyyaa sanatti ni dhumu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

27 “Dallaa Damaasqootti ibidda nan qabsiisa,

Innis masaraawwan Benhadaad warra ciccimoo ni nyaata.”+

28 Qeedaarii+ fi mootummoota Hazoor warra Nebukadnezaar* mootiin Baabilon rukute ilaalchisee Yihowaan akkana jedha:

“Kaʼaa, gara Qeedaaritti ol baʼaa,

Ilmaan Bahaa sanas balleessaa.

29 Dunkaanonnii isaanii fi bushaayeewwan isaanii,

Huccuuwwan dunkaanaa isaanii fi miʼawwan isaanii hundi ni fudhatamu.

Gaalonni isaanii ni fudhatamu,

Namoonnis, ‘Bakka hundumaa jeequmsatu jira!’ jedhanii isaanitti ni iyyu.”

30 “Yaa jiraattota Hazoor, baqadhaa, fagaadhaa deemaa!

Dhaqaatii iddoo gad fagoo keessa jiraadhaa.

Sababiin isaas, Nebukadnezaar* mootiin Baabilon tooftaa tokko isin irratti qopheesseera,

Karoora tokkos isin irratti yaadeera” jedha Yihowaan.

31 “Kaʼaa, saba nagaadhaan taaʼaa jiru,

Tasgabbiidhaanis jiraachaa jirutti adeemaa!” jedha Yihowaan.

“Inni balbala yookiin danqaraa hin qabu; isaan adda baʼanii jiraatu.

32 Gaalonni isaanii ni saamamu,

Horiiwwan isaanii warri hedduu taʼanis ni boojiʼamu.

Warra rifeensa illee isaanii haaddatan,+

Bakka bubbeen itti bubbisu hundumaatti* nan bittinneessa,

Kallattii hundumaa irraas badiisa isaanitti nan fida” jedha Yihowaan.

33 “Hazoor holqa sardiidotaa ni taati,

Yeroo hundumaatiifis ona ni taati.

Eenyu iyyuu achi hin jiraatu,

Namni tokko illees ishii keessa hin buufatu.”

34 Jalqaba bulchiinsa Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaatti, dubbiin Yihowaa Eelaamiin+ ilaalchisee gara Ermiyaas raajichaa dhufe isa kana: 35 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Kunoo, ani iddaa Eelaam+ isa madda* jabina isaanii taʼe nan cabsa. 36 Andaara samii arfan irraa Eelaam irratti bubbeewwan arfan nan fida; gara bubbeewwan kana hundumaattis isaan nan bittinneessa. Sabni namoonni Eelaam warri bittinnaaʼan itti hin deemne tokko illee hin jiraatu.’”

37 “Diinota isaanii fi warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadan* duratti Eelaamota nan caccabsa; badiisa, jechuunis aarii koo isa bobaʼu isaan irratti nan fida. Guutummaatti hamman isaan balleessuttis duuba isaaniitiin goraadee nan erga” jedha Yihowaan.

38 “Eelaam+ keessatti teessoo koo nan dhaaba; mootichaa fi bulchitootas achi keessaa nan balleessa” jedha Yihowaan.

39 “Haa taʼu malee, guyyoota dhumaatti warra Eelaam keessaa boojiʼaman walitti nan qaba” jedha Yihowaan.

50 Dubbiin Yihowaan Baabilon+ ishii biyya Kaladootaa taate ilaalchisee karaa Ermiyaas raajichaa dubbate isa kana:

 2 “Saboota gidduutti kana labsaa, beeksisaas.

Mallattoo* dhaabaa, kana beeksisaa.

Wanta tokko iyyuu hin dhoksinaa!

Akkana jedhaa: ‘Baabilon qabamteetti.+

Beel qaaneffameera.+

Merodaak sodaateera.

Fakkiiwwan ishii qaaneffamaniiru.

Waaqoliin tolfamoon ishii warri balfamoo* taʼan sodaataniiru.’

 3 Sababiin isaas, sabni tokko kaaba irraa ishiitti dhufeera.+

Inni biyya ishii bakka sodaachisaa ni godha;

Eenyu iyyuu ishii keessa hin jiraatu.

Namnis taʼe horiin achi keessaa baqateera;

Isaan achii deemaniiru.”

4 Yihowaan akkana jedha: “Guyyaa sanattii fi yeroo sanatti namoonni Israaʼelii fi namoonni Yihudaa waliin ni dhufu.+ Yommuu deemanis ni booʼu;+ waliin taʼanii Waaqa isaanii Yihowaa ni barbaaddatu.+ 5 Isaan daandii gara Xiyoonitti geessu ni gaafatu; fuula isaanii kallattii sanatti deebisanii,+ ‘Kottaa, kakuu bara baraa isa hin irraanfatamneen Yihowaatti haa maxxannu’ jedhu.+ 6 Sabni koo tuuta hoolota badanii taʼeera.+ Tiksitoonni isaanii karaa irraa akka isaan goran godhaniiru.+ Isaan gara gaarotaatti isaan oofanii gaaraa fi tabba irra akka jooran godhaniiru. Isaanis iddoo boqonnaa isaanii irraanfataniiru. 7 Warri isaan argatan hundi isaan ni nyaatan;+ diinonni isaaniis, ‘Isaan Yihowaa irratti, iddoo boqonnaa isa qajeelaa irrattii fi Yihowaa isa abdii abbootii isaanii taʼe irratti cubbuu waan hojjetaniif, nuti itti hin gaafatamnu’ jedhan.”

 8 “Baabilon gidduudhaa baqadhaa,

Biyya Kaladootaa keessaa baʼaa,+

Akkuma horiiwwan bushaayee dura buʼanii deemanii taʼaa.

 9 Sababiin isaas, kunoo ani biyya kaabaa irraa yaaʼii saboota guddaa tokko kaasee

Baabilon irratti nan fida.+

Isaan waraanaaf tarree galanii ishiitti ni dhufu;

Ishiinis achiin ni qabamti.

Xiyyawwan isaanii akkuma xiyya loltuu ti,

Ijoollee malee isaan hambisu;+

Isaan buʼaa malee hin deebiʼan.

10 Biyyi Kaladootaa ni boojiʼamti.+

Warri ishii irraa boojuu fudhatan hundis akka gaariitti ni quufu”+ jedha Yihowaan.

11 “Sababiin isaas, isin yommuu dhaala koo saamtanitti,+

Gammaddaniittu,+ ililchitaniittus.

Isin akkuma goromsa marga keessa jirtuutti lafa dhidhiittaniittu,

Akkuma fardeen kormaattis himimsitaniittu.

12 Haati keessan qaanofteetti.+

Ishiin isin deesse gadditeetti.

Kunoo, ishiin saboota gidduudhaa hundumaa irraa gad,

Lafa onaa bishaan hin qabnee fi gammoojjii taateetti.+

13 Dheekkamsa Yihowaatiin kan kaʼe, bakka namni keessa jiraatu hin taatu;+

Ishiin guutummaatti ni onti.+

Namni Baabilon bira darbu kam iyyuu sodaadhaan ishii ilaala,

Dhaʼicha ishii irra gaʼe hundumaatiin kan kaʼes ni siiqsa.+

14 Isin warri iddaa dabsitan* hundi,

Waraanaaf tarree galaatii kallattii hundumaatiin Baabilonitti kottaa.

Ishiin cubbuu kan hojjette Yihowaa irratti waan taʼeef,+

Xiyya ishiitti darbadhaa, homaas hin hambisinaa.+

15 Kallattii hundumaatiin iyya waraanaa ishii irratti dhageessisaa.

Ishiin harka kenniteetti.

Yihowaan haaloo waan baʼeef,+

Utubaawwan ishii kufaniiru, dallaawwan ishiis diigamaniiru.+

Haaloo ishii irratti baʼaa.

Wantuma ishiin raawwatte ishii irratti raawwadhaa.+

16 Isa midhaan facaasu,

Isa yeroo makaraatti haamtuu qabatus Baabilon keessaa balleessaa.+

Goraadee gara jabeessa taʼeen kan kaʼe, tokkoon tokkoon isaanii gara saba isaaniitti deebiʼu,

Tokkoon tokkoon isaaniis gara biyya isaaniitti baqatu.+

17 “Sabni Israaʼel hoolota bittinnaaʼani dha.+ Leenconni isaan bittinneessaniiru.+ Jalqaba mootiin Asoor isaan ni nyaate;+ achiis Nebukadnezaar* mootiin Baabilon lafee isaanii ni caccabse.+ 18 Kanaafuu, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Kunoo, wantuman mootii Asoor irratti raawwadhe,+ mootii Baabilonii fi biyya isaa irrattis nan raawwadha. 19 Israaʼeliin gara iddoo dheedichaa isaatti nan deebisa;+ innis Qarmeelos irra, Baashaan+ irra, gaarota Efreemii+ fi gaarota Giiliyaad+ irra ni dheeda, ni quufas.’”

20 Yihowaan akkana jedha: “Guyyaa sanattii fi yeroo sanatti,

Warra akka jiraatan ani isaaniif heyyame sanaaf dhiifama waanan godhuuf,

Yakki Israaʼel ni barbaadama,

Garuu homtuu hin argamu,

Cubbuun Yihudaas hin argamu.”+

21 “Biyya Meraataayimittii fi jiraattota Pheeqoditti+ ol baʼi.

Isaan haa ajjeefaman, guutummaattis haa balleeffaman”* jedha Yihowaan.

“Wantan si ajaje hundumaa raawwadhu.

22 Biyyattii keessatti sagaleen waraanaa,

Sagaleen badiisa guddaas ni dhagaʼama.

23 Burruusni guutummaa lafaa kan kutamee fi kan cabe akkamitti!+

Baabilon saboota gidduutti wanta sodaachisaa kan taate akkamitti!+

24 Yaa Baabilon, ani kiyyoo siif kaaʼeera, atis qabamteetta,

Ati kana hin hubanne.

Ati kan mormite Yihowaa waan taʼeef,

Ni argamte, ni qabamtes.+

25 Yihowaan mana kuusaa isaa baneera,

Meeshaawwan waraanaa dheekkamsa isaas gad ni baasa.+

Sababiin isaas, Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa

Biyya Kaladootaa keessatti hojii tokko qaba.

26 Iddoowwan fagoo irraa ishii irratti kottaa.+

Gootaraawwan ishii banaa.+

Akkuma tuullaa midhaaniitti ishii tuulaa.

Guutummaatti ishii balleessaa.+

Ishiin nama ishiidhaaf hafu tokko illee hin qabaatin.

27 Jiboota ishii hundumaa fixaa;+

Isaan qalamuuf gad haa buʼan.

Guyyaan isaanii,

Yeroon itti qorataman waan dhihaateef, isaaniif wayyoo!

28 Waaqni keenya Yihowaan haaloo baʼuu isaa,

Inni mana qulqullummaa isaatiif haaloo baʼuu isaa+ Xiyoon keessatti labsuuf,

Sagaleen namoota baqachaa jiranii,

Sagaleen namoota biyya Baabilon keessaa miliqaa jiraniis ni dhagaʼama.

29 Warra xiyya darbatan,

Warra iddaa dabsan* hundumaas Baabilon irratti waamaa.+

Naannoo ishii hundumaatti marsaa; eenyu iyyuu akka miliqu hin godhinaa.

Akka gocha ishiitti ishiidhaaf deebisaa.+

Wantuma ishiin raawwatte ishii irratti raawwadhaa.+

Sababiin isaas, ishiin Yihowaa irratti,

Isa Qulqulluu kan Israaʼel irratti gocha of tuulummaa raawwatteetti.+

30 Kanaafuu, dargaggoonni ishii addabaabayiiwwan ishii irratti ni kukkufu,+

Loltoonni ishii hundis guyyaa sanatti ni dhumu”* jedha Yihowaan.

31 Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Yaa ishii didduu taate nana,+ kunoo, ani si irratti kaʼeera,+

Sababiin isaas, guyyaan kee, yeroon ati itti adabamtu ni dhufa.

32 Yaa ishii didduu taate nana, ati ni gufatta, akkasumas ni kufta,

Namni ol si kaasus hin jiru.+

Magaalota keetti ibidda nan qabsiisa,

Innis wanta naannoo keetti argamu hundumaa ni nyaata.”

33 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

“Sabni Israaʼelii fi sabni Yihudaa cunqurfamaniiru,

Warri boojuudhaan isaan fudhatan hundis isaan qabataniiru.+

Isaan gadhiisuus didaniiru.+

34 Haa taʼu malee, inni isaan furu jabaa dha.+

Maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.+

Biyyattiidhaaf boqonnaa kennuuf,+

Jiraattota Baabilon irrattis jeequmsa fiduuf,+

Inni dhugumaan dhimma seeraa isaanii irratti isaaniif ni falma.”+

35 Yihowaan akkana jedha: “Kaladoota irratti,

Jiraattota Baabilon irratti, bulchitoota ishii fi namoota ishii warra ogeeyyii taʼan irratti goraadeen luqqifameera.+

36 Warra dubbii gatii hin qabne dubbatan* irratti goraadeen luqqifameera; isaanis gocha gowwummaa ni raawwatu.

Loltoota ishii irratti goraadeen luqqifameera; isaanis ni sodaatu.+

37 Fardeen isaanii fi gaariiwwan fardaa waraanaa isaanii irratti,

Uummata walitti makamee fi ishii gidduutti argamu hundumaa irratti goraadeen luqqifameera,

Isaanis akkuma dubartootaa ni taʼu.+

Qabeenya ishii irratti goraadeen luqqifameera, innis ni saamama.+

38 Bishaanota ishii irratti badiisni dhufeera, isaanis ni gogu.+

Sababiin isaas, ishiin biyya fakkiiwwan bocamanii ti,+

Mulʼata isaanii isa sodaachisaa taʼeen kan kaʼes isaan gocha maraatummaa ni raawwatu.

39 Kanaafuu, uumamawwan gammoojjii bineensota caraananii wajjin ni jiraatu,

Guchiiwwanis ishii keessa ni jiraatu.+

Ishiin kana booda matumaa bakka namni keessa jiraatu hin taatu,

Dhaloota hundumaa keessattis bakka jireenyaa hin taatu.”+

40 Yihowaan akkana jedha: “Akkuma yeroo Waaqayyo Sodoomii fi Gomoraa,+ akkasumas magaalota ollaa isaanii turan garagalchetti+ taʼe, eenyu iyyuu achi hin jiraatu, namni tokko illees achi hin buufatu.+

41 Kunoo, sabni tokko kaaba irraa ni dhufa;

Sabni guddaanii fi mootonni guguddoonis,+

Andaara lafaa irraa ni kaʼu.+

42 Isaan iddaa fi eebootti ni fayyadamu.+

Isaan gara jabeeyyii dha; gara laafinas hin argisiisan.+

Yommuu fardeen isaaniitiin gulufanitti,

Sagaleen isaanii akkuma galaana huursuu ti.+

Yaa intala Baabilon, isaan waraanaaf tarree galanii akkuma nama tokkootti sitti dhufu.+

43 Mootiin Baabilon waaʼee isaanii oduu dhagaʼeera,+

Harki isaas laafeera.+

Dhiphinni isa qabata,

Akkuma dubartii ciniinsuu irra jirtuus ni dhiphata.

44 “Kunoo, qaamni tokko akka leenca tusii gobbuu Yordaanos bira jiru keessaa baʼuutti iddoo dheedichaa amansiisaa taʼe kanatti ni dhufa; ani garuu yeruma sana ishii irraa akka baqatan nan godha. Isa filatame sanas ishii irratti nan muuda.+ Kan akka kootii eenyu? Kan na mormu hoo eenyu? Tikseen na dura dhaabbachuu dandaʼu isa kami?+ 45 Kanaafuu, yaa namootaa, murtoo Yihowaan Baabilon irratti dabarsee+ fi wanta inni biyya Kaladootaa irratti fiduu yaade dhagaʼaa.

Ilmooleen bushaayee sanaa harkifamanii fudhatamuun isaanii hin oolu.

Inni isaaniin kan kaʼe iddoo jireenyaa isaanii ona ni godha.+

46 Sagalee yommuu Baabilon qabamtu dhagaʼamuun kan kaʼe lafti ni kirkirti,

Saboota gidduuttis iyyi ni dhagaʼama.”+

51 Yihowaan akkana jedha:

“Kunoo, ani Baabilonii+ fi jiraattota Lebqaamaay* irratti

Bubbee badiisa geessisu nan kaasa.

 2 Warra midhaan afarsan Baabilon irratti nan erga,

Isaan ishii ni afarsu, biyya ishiis duwwaa ni godhu;

Guyyaa badiisaatti kallattii hundumaatiin ishiitti ni dhufu.+

 3 Namni iddaa darbatu iddaa isaa hin dabsin.*

Namni tokko illees kootii sibiilaa isaa uffatee hin dhaabbatin.

Dargaggoota ishiitti gara laafina hin argisiisinaa.+

Raayyaa waraanaa ishii hundumaa guutummaatti balleessaa.

 4 Isaan biyya Kaladootaa keessatti ajjeefamanii,

Daandiiwwan ishii irrattis waraanamanii ni kukkufu.+

 5 Yihowaan Gooftaan Raayyaa Israaʼelii fi Yihudaa hin dhiisne; isaan akka dubartii abbaan manaa irraa duʼee hin taane.+

Haa taʼu malee, akka ilaalcha Isa Qulqulluu kan Israaʼelitti biyyi isaanii* yakkaan guutamteetti.

 6 Baabilon gidduudhaa baqadhaa,

Lubbuu keessanis oolfadhaa.+

Balleessaa ishiitiin kan kaʼe hin dhuminaa.

Sababiin isaas, yeroon kun yeroo Yihowaan haaloo itti baʼu dha.

Inni wanta ishiin raawwatteef gatii ishii ishiidhaaf ni deebisa.+

 7 Baabilon harka Yihowaa keessatti xoofoo warqii taateetti;

Ishiin guutummaa lafaa macheessiteetti.

Saboonni daadhii wayinii ishii irraa dhuganii machaaʼaniiru;+

Saboonni kan maraatan kanaafi.+

 8 Baabilon akkuma tasaa kufteetti, cabdeettis.+

Ishiidhaaf booʼaa!+

Tarii fayyuu waan dandeessuuf, dhukkuba ishiitiif zayitii baalsaamii fidaa.”

 9 “Nuti Baabiloniin fayyisuuf yaallee turre, ishiin garuu fayyuu hin dandeenye.

Ishii dhiisaa, tokkoon tokkoon keenya gara biyya keenyaa haa deemnu.+

Sababiin isaas, murtiin ishii samii bira gaʼeera;

Hamma duumessa bira gaʼuttis ol kaʼeera.+

10 Yihowaan haqa nuuf argamsiiseera.+

Kottaa, Xiyoon keessatti hojii Waaqa keenya Yihowaa haa dubbannu.”+

11 “Xiyyawwan qaradhaa;+ gaachanootas qabadhaa.*

Yihowaan Baabiloniin ona gochuu waan barbaadeef,

Hafuura mootota Meedon kakaaseera.+

Sababiin isaas, Yihowaan haaloo ni baʼa, inni mana qulqullummaa isaatiif haaloo ni baʼa.

12 Dallaawwan Baabilon haleeluuf mallattoo* dhaabaa.+

Eegumsa isaa cimsaa, waardiyyoota dhaabaa.

Warra riphanii eegan qopheessaa.

Sababiin isaas, Yihowaan karoora kana qopheesseera,

Inni wanta jiraattota Baabilon irratti raawwachuuf waadaa gale ni raawwata.”+

13 “Yaa dubartii bishaanota hedduu irra jiraattu,+

Ishii qabeenya hedduu qabdu nana,+

Dhumni kee, yeroon buʼaan argattu itti xumuramu* gaʼeera.+

14 Yihowaan Gooftaan Raayyaa,

‘Ani namoota akkuma awwaannisaa baayʼee hedduu taʼaniin sin guuta,

Isaanis miira injifannootiin si irratti ni iyyu’+ jedhee ofii* isaatiin kakateera.

15 Inni isa humna isaatiin lafa tolche,

Isa ogummaa isaatiin dachee oomisha kennitu hundeessee+ fi

Hubannaa isaatiin samiiwwan diriirse dha.+

16 Sagalee isaa yommuu dhageessisu,

Bishaanonni samiiwwan keessa jiran ni jeeqamu,

Inni duumessoonni* andaara lafaatii akka ol baʼan ni godha.

Bokkaadhaaf bakakkaa* ni qopheessa,

Gootaraawwan isaa keessaas bubbee ni baasa.+

17 Namni hundi hubannaa fi beekumsa hin qabu.

Namni sibiila tumu hundi fakkii bocameen kan kaʼe ni qaanaʼa;+

Sababiin isaas, fakkiin isaa inni sibiila irraa tolfame* soba dha,

Hafuurris fakkiiwwan kana keessa hin jiru.+

18 Isaan abjuu*+ fi hojii itti qoosamu dha.

Guyyaan itti qorataman yommuu dhufu ni badu.

19 Qoodni Yaaqoob akka wantoota kanaa miti,

Sababiin isaas, inni isa wanta hundumaa tolche dha,

Inni ulee dhaala isaa ti.+

Maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.”+

20 “Ati anaaf ulee waraanaa, meeshaa waraanaa ti,

Sababiin isaas, ani sitti fayyadamee saboota nan caccabsa.

Sitti fayyadamee mootummoota nan diiga.

21 Sitti fayyadamee fardaa fi abbaa fardaa nan caccabsa.

Sitti fayyadamee gaarii fardaa waraanaa fi isa isa oofu nan caccabsa.

22 Sitti fayyadamee dhiiraa fi dubartii nan caccabsa.

Sitti fayyadamee maanguddoo fi mucaa nan caccabsa.

Sitti fayyadamee dargaggeessaa fi shamarree nan caccabsa.

23 Sitti fayyadamee tiksee fi bushaayee isaa nan caccabsa.

Sitti fayyadamee qonnaan bulaa fi tuuta horii isaa nan caccabsa.

Sitti fayyadamee bulchitootaa fi bulchitoota gad aanoo nan caccabsa.

24 Ani hammina isaan Xiyoon keessatti ija keessan duratti raawwatan hundumaatiif,

Baabilonii fi jiraattota biyya Kaladootaa hundumaatiif gatii isaanii nan deebisa”+ jedha Yihowaan.

25 Yihowaan akkana jedha: “Yaa gaara badiisa geessistu,

Yaa isa guutummaa lafaa balleessitu nana,+ kunoo, ani si irratti kaʼeera.+

Ani harka koo si irratti diriirsee qarsaawwan irraa sin gangalcha,

Gaara gubates sin godha.”

26 “Ati bara baraaf ona waan taatuuf,

Namoonni dhagaa golee yookiin dhagaa buʼuuraa si irraa hin fudhatan”+ jedha Yihowaan.

27 “Biyyattii keessatti mallattoo* dhaabaa.+

Saboota gidduutti xurumbaa afuufaa.

Saboota ishii irratti ramadaa.*

Mootummoota Araaraat,+ Miinii fi Ashkenaaz+ ishii irratti waamaa.

Ajajaa loltoota filatu ishii irratti ramadaa.

Fardeenis akka awwaannisaatti akka itti dhufan godhaa.

28 Saboota ishii irratti ramadaa,*

Mootota Meedon,+ bulchitoota ishii fi bulchitoota ishii warra gad aanoo hundumaa,

Akkasumas biyyoota isaan jalatti bulan hundumaa ishii irratti ramadaa.

29 Wanti Yihowaan Baabilon irratti yaade,

Jechuunis wanti inni biyyi Baabilon kan sodaachistuu fi bakka namni keessa hin jiraanne akka taatu gochuuf yaade waan raawwatamuuf,

Lafti ni kirkirti, ni raafamtis.+

30 Loltoonni Baabilon waraana dhaabaniiru.

Isaan dahoo isaanii keessa taaʼaniiru.

Humni isaanii laafeera.+

Isaan akkuma dubartootaa taʼaniiru.+

Manneen ishii ibiddaan gubamaniiru.

Danqaraawwan ishii cabaniiru.+

31 Magaalaan isaa kallattii hundumaatiin qabamuu ishii mootii Baabilonitti himuuf,

Namni ergaa dabarsu tokko nama ergaa dabarsu kan biraa argachuuf,

Ergamaan tokkos ergamaa kan biraa argachuuf ni fiiga;+

32 Malkaawwan qabamuu isaanii,+

Bidiruuwwan dhallaadduu ibiddaan gubamuu isaanii,

Loltoonnis sodaachuu isaanii itti himuuf ni fiiga.”

33 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

“Intalli Baabilon akkuma oobdii ti.

Yeroon ishiin humnaan itti dhidhiitamtu amma dha.

Yeroo gabaabaa keessatti yeroon makaraa ishii ni dhufa.”

34 “Nebukadnezaar* mootiin Baabilon na nyaateera;+

Na burjaajesseera.

Inni akkuma miʼa duwwaatti lafa na kaaʼeera.

Akka bofa guddaatti na liqimseera;+

Wantoota gaggaarii ani qabuun garaa isaa guuttateera.

Inni na gateera.*

35 ‘Jalʼinni ana irrattis taʼe qaama koo irratti raawwatame Baabilon irra haa gaʼu!’ jetti ishiin Xiyoon keessa jiraattu.+

‘Dhiigni koo jiraattota biyya Kaladootaa irra haa taʼu!’ jetti Yerusaalem.”

36 Kanaan kan kaʼes Yihowaan akkana jedha:

“Kunoo, ani dhimma seeraa kee irratti siif nan falma,+

Haaloos siif nan baʼa.+

Ani galaana ishii fi boollawwan bishaanii ishii nan gogsa.+

37 Baabilonis tuullaa dhagaa,+

Holqa sardiidotaa,+

Wanta sodaachisaa fi wanta itti siiqsamu,

Bakka namni keessa hin jiraannes ni taati.+

38 Hundi isaanii iyyuu akkuma leencota saafelaatti waliin ni baroodu.

Akkuma ilmoolee leencaatti ni gururiʼu.”

39 “Yommuu isaan dharraʼanitti,

Akka gammadaniif, affeerraa isaanii isaaniif nan qopheessa, isaan nan macheessas;+

Achiis hirriba bara baraa

Isa irraa dammaquu hin dandeenye ni rafu”+ jedha Yihowaan.

40 “Ani akkuma hoolota xobbaallaa,

Akkuma korbeeyyii hoolaa fi reʼoota qalmaaf geeffamaniitti gad isaan nan buusa.”

41 “Sheshaak* kan qabamte akkamitti!+

Ulfinni guutummaa lafaa kan qabamte akkamitti!+

Baabilon saboota gidduutti wanta sodaachisaa kan taate akkamitti!

42 Galaanichi Baabilon irratti dhufeera.

Bishaanota isaa warra hedduu taʼaniinis liqimfamteetti.

43 Magaalonni ishii wanta sodaachisaa, biyya bishaan hin qabnee fi gammoojjii taʼaniiru.

Isaan biyya namni keessa hin jiraannee fi namni keessa hin darbine taʼaniiru.+

44 Ani xiyyeeffannaa koo gara Beel+ isa Baabilon keessatti argamutti nan deebisa,

Wanta inni liqimses afaan isaa keessaa nan baasa.+

Kana booda saboonni gara isaatti hin yaaʼan,

Dallaan Baabilonis ni jiga.+

45 Yaa saba koo, ishii gidduudhaa baʼaa!+

Dheekkamsa Yihowaa isa bobaʼu jalaas+ lubbuu keessan oolfadhaa!+

46 Oduu biyyattii keessatti dhagaʼamu ilaalchisee hin naʼinaa, hin sodaatinaas.

Jalʼina biyyattii keessatti raawwatamuu fi bulchaan bulchaa irratti kaʼuu isaa ilaalchisee

Waggaa tokko oduun tokko,

Waggaa itti aanutti immoo oduun kan biraan ni dhagaʼama.

47 Kanaafuu, kunoo, guyyaan ani

Xiyyeeffannaa koo gara fakkiiwwan bocamoo Baabilonitti itti deebisu ni dhufa.

Guutummaan biyya ishii ni qaanaʼa,

Namoonni ishii warri ajjeefamanis ishii gidduutti ni kukkufu.+

48 Warri badiisa geessisan kaaba irraa waan ishiitti dhufaniif,+

Samiiwwanii fi lafti, wantoonni isaan keessa jiran hundis

Yommuu Baabilon kuftu ni ililchu”+ jedha Yihowaan.

49 “Baabilon akka ajjeefaman kan goote namoota Israaʼel qofa miti,+

Kanaa mannaa, namoonni guutummaa lafaas Baabilon keessatti ajjeefamaniiru.

50 Isin warri goraadee jalaa miliqxan, deemuu keessan itti fufaa malee hin dhaabbatinaa!+

Biyya fagoo irraa Yihowaa yaadadhaa,

Yerusaalemis garaa keessan keessa haa teessu.”+

51 “Nuti arrabsoo waan dhageenyeef, qaanofneerra.

Namoonni biyya ormaa* iddoowwan qulqulluu mana Yihowaatti waan dhufaniif,+

Salphinni fuula keenya haguugeera.”

52 Yihowaan akkana jedha: “Kanaafuu, kunoo guyyaan ani xiyyeeffannaa koo

Gara fakkiiwwan ishii warra bocamaniitti itti deebisu ni dhufa,

Guutummaa biyya ishii keessattis warri madaaʼan ni aadu.”+

53 “Baabilon gara samiiwwaniitti yoo ol baate illee,+

Dahoowwan ishii warra ol dheeratan yoo cimsatte illee,

Warri ishii balleessan ana biraa ishiitti ni dhufu”+ jedha Yihowaan.

54 “Ilaa, Baabilon keessaa iyyi tokko,

Biyya Kaladootaa keessaas sagaleen badiisa guddaa ni dhagaʼama,+

55 Sababiin isaas, Yihowaan Baabiloniin ni balleessa,

Sagalee ishii isa guddaas cal jechisiisa.

Dambaliiwwan isaanii akkuma bishaanota hedduutti ni huursu,

Sagaleen waca isaaniis ni dhagaʼama.

56 Sababiin isaas, inni badiisa geessisu Baabilon irratti ni dhufa;+

Yihowaan Waaqa haaloo baʼu waan taʼeef,+

Loltoonni ishii ni qabamu,+

Iddaawwan isaanii ni caccabu.

Inni dhugumaan gatii ishii ishiidhaaf ni deebisa.+

57 Ani guguddoota ishii fi namoota ishii warra ogeeyyii taʼan,

Bulchitoota ishii fi bulchitoota ishii warra gad aanoo, akkasumas loltoota ishii nan macheessa,+

Isaanis hirriba bara baraa

Isa irraa dammaquu hin dandeenye ni rafu”+ jedha Mootichi, inni maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼe.

58 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

“Dallaan Baabilon balʼaa taʼus guutummaatti ni diigama,+

Karrawwan ishii dhedheeroo taʼanis ibiddaan ni gubamu.

Namoonni akkanumaan dhamaʼu;

Saboonnis ibidduma sooruuf of dadhabsu.”+

59 Zedeeqiyaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti, yommuu Seraayaan ilmi Neriyaa+ ilmi Maaseyaa mootichaa wajjin gara Baabilon deemetti ajajni Ermiyaas raajichi isaaf kenne isa kana; Seraayaan itti gaafatamaa mana mootummaa ture. 60 Ermiyaas badiisa Baabilon irratti dhufu hundumaa, jechuunis dubbii Baabiloniin ilaalchisee barreeffame kana hundumaa kitaaba tokko irratti ni barreesse. 61 Kana malees, Ermiyaas Seraayaadhaan akkana jedhe: “Gara Baabilon dhaqxee yommuu ishii argitu, dubbii kana hundumaa sagalee kee ol kaasii dubbisi. 62 Achiis, ‘Yaa Yihowaa, ati iddoon kun akka balleeffamu, namnis taʼe bineensi ishii keessatti akka hin hafnee fi bara baraaf ona akka taatu dubbatteetta’ jedhi.+ 63 Yommuu kitaaba kana dubbistee xumurtus isa irratti dhagaa hidhiitii Efraaxis gidduutti darbadhu. 64 Achiis, ‘Badiisa ani ishii irratti fiduun kan kaʼe Baabilonis akkuma kana gad ni lixxi, matumaas deebitee hin kaatu;+ isaanis ni bututu’+ jedhi.”

Dubbiin Ermiyaas as irratti xumurama.

52 Zedeeqiyaan+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 21 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal+ yeroo taʼu, ishiin intala Ermiyaas isa nama biyya Libnaa taʼe sanaa turte. 2 Inni akkuma Yehoyaaqiim godhe hundumaatti, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+ 3 Wantoonni kun Yerusaalemii fi Yihudaa irra kan gaʼan dheekkamsa Yihowaatiin kan kaʼe ture; hamma inni of duraa isaan gatuttis wantoonni kun isaan irra ni gaʼan.+ Zedeeqiyaanis mootii Baabilon irratti fincila kaase.+ 4 Zedeeqiyaan mootii taʼee waggaa saglaffaatti, jiʼa kurnaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa kurnaffaatti Nebukadnezaar* mootiin Baabilon guutummaa raayyaa waraanaa isaa wajjin Yerusaalemiin waraanuuf dhufe. Isaanis guutummaa magaalattiitti ni marsan; naannoo ishiitti marsaniis dallaa ijaaran.+ 5 Magaalattiinis hamma waggaa 11ffaa Zedeeqiyaa Mootichaatti marfamtee turte.

6 Jiʼa arfaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa saglaffaatti+ magaalattii keessatti beelli ni hammaate; namoonni biyyattiis wanta nyaatan hin qaban turan.+ 7 Dhuma irrattis dallaan magaalattii ni diigame; Kaladoonni magaalattiitti marsanii utuu jiranii loltoonni hundi halkaniin karra dallaa lamaan gidduu isa iddoo biqiltuu mootichaatti dhihoo jiru keessa baʼanii baqatan; achiis karaa gara Arabaatti geessu irra buʼanii deemuu isaanii itti fufan.+ 8 Raayyaan waraanaa Kaladootaa garuu Zedeeqiyaa+ Mooticha duukaa buʼanii dirree gammoojjii Yerikoo keessatti isa bira gaʼan; loltoonni isaa hundis isa dhiisanii faffacaʼan. 9 Achiis mooticha qabanii gara mootii Baabilon isa biyya Hamaat keessatti Riblaatti argamutti fidan; innis isa irratti ni murteesse. 10 Mootiin Baabilon ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti ni gorraʼe; bulchitoota Yihudaa hundumaas Riblaatti ni gorraʼe. 11 Achiis mootiin Baabilon ija Zedeeqiyaa ni jaamse;+ hidhaa sibiila diimaatiin hidhees gara Baabilonitti isa fide; hamma guyyaa duʼa isaattis mana hidhaa keessa isa turse.

12 Jiʼa shanaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa kurnaffaatti, jechuunis Nebukadnezaar* mootiin Baabilon mootii taʼee waggaa 19ffaa isaatti, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa fi tajaajilaa mootii Baabilon taʼe gara Yerusaalem ni dhufe.+ 13 Innis mana Yihowaa, mana* mootichaa fi manneen Yerusaalem hundumaa ni gube;+ akkasumas mana guddaa hunda ni gube. 14 Guutummaan raayyaa waraanaa Kaladootaa warri ajajaa waardiyyootaa wajjin turanis dallaawwan Yerusaalemitti marsanii jiran ni diigan.+

15 Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe namoota hiyyeeyyii fi namoota magaalattii keessatti hafan kaan boojiʼee fudhate. Kana malees, gantoota gara mootii Baabilonitti goranii fi ogeeyyii harkaa dandeettii qaban kaan boojiʼee fudhate.+ 16 Haa taʼu malee, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe namoonni biyyattii baayʼee hiyyeeyyiin taʼan tokko tokko maasii wayinii keessatti akka tajaajilanii fi hojii dirqamaa akka hojjetaniif achumatti isaan dhiise.+

17 Kaladoonnis utubaawwan sibiila diimaa+ mana Yihowaa, gaariiwwanii+ fi Galaana sibiila diimaa+ warra mana Yihowaa keessa turan ni caccabsan; sibiila diimaa sana hundumaas gara Baabilonitti ni geessan.+ 18 Kana malees, miʼawwan daaraa, akaafaawwan, dhaamsituuwwan ibsaa, saaniiwwan golboo,+ xoofoowwanii+ fi miʼawwan sibiila diimaa tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hundumaa ni fudhatan. 19 Ajajaan waardiyyootaa sunis miʼawwan bishaanii,+ qodaawwan ibiddaa, saaniiwwan golboo, miʼawwan daaraa, baattuuwwan ibsaa,+ xoofoowwanii fi saaniiwwan golboo warra warqii fi meetii qulqulluu irraa tolfaman+ ni fudhate. 20 Sibiilli diimaan utubaawwan lamaan, Galaanichi, qotiyyoowwan sibiila diimaa 12n+ warri Galaanicha jalatti argamanii fi gaariiwwan Solomoon mana Yihowaatiif hojjechiise ittiin hojjetame hundi baayʼee waan taʼeef madaalamuu hin dandaʼu ture.

21 Utubaawwan kun tokkoon tokkoon isaanii ol dheerinni isaanii dhundhuma* 18 yeroo taʼu, utubaan tokko naannoon isaa wadaroo safaraatiin dhundhuma 12 taʼa ture;+ furdinni isaa immoo hamma balʼina quba harkaa* arfanii yeroo taʼu, keessi isaa qaawwa ture. 22 Gubbeen isa irra jirus sibiila diimaa irraa kan tolfame ture; ol dheerinni gubbee tokkoo dhundhuma shan ture;+ saaphanichii fi romaanonni naannoo gubbee sanaa irratti marsanii jiran hundi sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan. Utubaan inni lammaffaanii fi romaanonni sunis akkuma kanaa turan. 23 Cinaawwan isaa irratti romaanonni 96 jiru turan; walumaa galatti romaanonni 100 saaphanichatti marsanii jiru turan.+

24 Kana malees ajajaan waardiyyootaa sun, Seraayaa+ isa dura buʼaa lubootaa taʼe, Sefaaniyaa+ isa luba lammaffaa taʼe, akkasumas karra eegdota sadan ni fudhate.+ 25 Kana malees, inni magaalattii keessaa abbaa taayitaa mana mootummaa itti gaafatamaa loltootaa taʼe tokko, michoota mootichaa warra magaalattii keessatti argaman torba, barreessaa ajajaa raayyaa waraanaa isa namoota biyyattii duulaaf walitti qabu, akkasumas namoota biyyattii warra magaalattii keessatti argaman kaan 60 ni fudhate. 26 Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe isaan fuudhee gara mootii Baabilon isa Riblaatti argamutti isaan fide. 27 Mootiin Baabilonis Riblaa+ isa biyya Hamaat keessatti argamutti rukutee isaan ajjeese. Akka kanaan, Yihudaan boojiʼamee biyya isaa keessaa ni fudhatame.+

28 Namoonni Nebukadnezaar* boojiʼee fudhate hammana turan: waggaa torbaffaatti Yihudoota 3,023.+

29 Nebukadnezaar* mootii taʼee waggaa 18ffaa isaatti,+ namoonni* 832 Yerusaalem keessaa ni fudhataman.

30 Nebukadnezaar* mootii taʼee waggaa 23ffaa isaatti, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe Yihudoota 745 ni fudhate.+

Walumaa galatti namoonni* 4,600 boojuudhaan ni fudhataman.

31 Achiis Yehoyaakiin+ mootiin Yihudaa boojiʼamee waggaa 37ffaatti, jiʼa 12ffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 25ffaatti, Eewil Merodaak mootiin Baabilon waggaa mootii itti taʼetti Yehoyaakiin isa mootii Yihudaa taʼe mana hidhaatii ni gadhiise.*+ 32 Innis gaarummaadhaan isatti dubbate; teessoo isaas teessoowwan mootota warra isaa wajjin Baabilon keessa turan kaan irra ol ni godhe. 33 Kanaafuu, Yehoyaakiin uffata mana hidhaa of irraa ni baase; guutummaa bara jireenyaa isaattis yeroo hundumaa maaddii mootichaa irraa ni nyaata ture. 34 Bara jireenyaa isaa hundumaatti guyyaa guyyaadhaan mootii Baabilon biraa yeroo hundumaa hamma guyyaa duʼa isaatti sooranni isaaf ni kennama ture.

Tarii, “Yihowaan Ol Qaba” jechuu dha.

Ykn., “si filadheera.”

Kal., “Gadameessa keessaa baʼuu.”

Ykn., “adda si baaseera.”

Ykn., “Dargaggeessa.”

Kal., “isa dammaqsu sanaatu.”

Kal., “itti afuufamaa jiru.”

Kal., “mudhii kee hidhadhu.”

Ykn., “Jaalala amanamaa.”

Ykn., “odolawwan.”

Ykn., “bocanii baasaniiru” tarii qarsaa keessaa.

Ykn., “Memfiis.”

Jechuunis, laga Laga Abbayyaa irraa yaaʼu.

Jechuunis, Efraaxis.

Jechuunis, harqoota, qambara.

Ykn., “alkaalaayiidhaan.”

Ykn., “dharraa lubbuu ishiitii.”

Kal., “Jiʼa.”

Ykn., “waaqolii biyya ormaatiin.”

Ykn., “sabbata guyyaa cidha ishii.”

Ykn., “lubbuuwwan.”

Kal., “nama biyya Arabaa.”

Kal., “adda.”

Kal., “fuula koo si irratti hin kuffisu.”

Ykn., “waaqolii biyya ormaa.”

Ykn tarii, “abbaa manaa.”

Kal., “akka garaa.”

Kal., “raayyaawwan sabootaa.”

Kal., “michuu.”

Ykn., “waaqni.”

Gogaa fiixee qaama hormaataa dhiiraa irra jiru argisiisa.

Ykn., “fiinoos,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.

Ykn., “Jirma mallattoo.”

Jechuunis, muka gaggabaabaa gobbatee biqilu.

Ykn., “Qoma keessan rukutaa.”

Kal., “garaa.”

Kal., “garaa.”

Ykn., “lubbuu keenya bira gaʼee.”

As irratti yaanni nameessuu bifa walalootiin ibsame kun, gaddaa fi gara laafina kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Kal., “Daawwattoonni,” jechuunis, warra yoom akka ishii haleelan beekuuf magaalattii daawwatan.

Kal., “Yaa marʼimaan koo.”

Kal., “Dallaawwan garaa kootii.”

Ykn tarii, “iyya.”

Ykn., “jirma mallattoo.”

Ykn., “ogeeyyii dha.”

Ykn., “Hin gaabbu.”

Ykn., “lubbuu kee barbaadu.”

Kal., “isaan hin dadhabne.”

Ykn tarii, “Inni hin jiru.”

Jechuunis, dubbiin Waaqayyoo.

Kal., “garaa.”

Kal., “waraana qulqulleessaa.”

Kal., “dhaqna hin qabamneef.”

Kal., “warra guyyoota quufanii.”

Ykn., “Lubbuu.”

Ykn., “Barumsa.”

Kun Ermiyaasiin argisiisa.

Kal., “Isaan kun,” jechuunis gamoowwan mana qulqullummaa hundumaa.

Ykn., “abbaa hin qabnee.”

Ykn., “baraa hamma bara baraatti.”

Ykn., “aarsaa aarfamu.”

Kal., “bariidhaan kaʼee.”

Maqaa ulfinaa waaqayyittii Israaʼelonni gantoota taʼan waaqeffatan; waaqayyittii hormaataa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Ykn., “kan aarsan; kan tuttuqan.”

Ykn., “gorsa.”

Kal., “bariidhaan kaʼee.”

Kal., “boquu isaanii jabeessan.”

Kal., “afaan isaanii keessaa kutameera.”

Ykn., “rifeensa kee isa hin muramne; rifeensa kee isa murteeffame.”

Ibsa Jechootaa ilaali, “Gahaannam.”

Ykn., “yaada kootti illee hin dhufne.”

Ibsa Jechootaa ilaali, “Gahaannam.”

Ykn., “yeroo ishiidhaaf ramadame.”

Ykn., “Makoodiin; Andariin.”

Gosa simbirroo dimbiixii fakkaattu. Ykn tarii, “allaattiin luka dheerattu.”

Ykn., “itti godaanan.”

Ykn., “barumsa.”

Ykn., “dibanni qabbaneessu.” Baalsaamiin, zayitii urgaawaa mukeetii tokko tokko irraa argamu dha.

Ykn., “ogeessi fayyaa.”

Ykn., “Lubbuun koo.”

Ykn., “barumsa.”

Qaama battee adda irraa karaa mirgaa fi karaa bitaatiin jiru dha.

Ykn., “gatii kan hin qabne.”

Ykn., “Gajaraa.”

Ykn., “gatii kan hin qabne.”

Lakk. 11 jalqaba irratti Afaan Aaraamiin barreeffame.

Ykn., “hurkawwan.”

Ykn tarii, “boʼoowwan.”

Ykn., “siidaan isaa inni baqfamee tolfame.”

Ykn., “gatii kan hin qabnee.”

Ykn., “nan furrisa.”

Ermiyaasiin kan argisiisu taʼuu hin oolu.

Ykn., “Haa taʼu.”

Kal., “bariidhaan kaʼee.”

Ykn., “aarsaa aarfamu.”

Ykn., “waaqa.”

Jechuunis, Ermiyaas.

Jechuunis, aarsaawwan mana qulqullummaa keessatti dhihaatan.

Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.

Ykn., “miira namaa isa gad fagoo.” Kal., “kalee.”

Ykn., “lubbuu kee barbaadanii.”

Ykn., “miirri isaanii inni gad fagoon.” Kal., “kaleen isaanii.”

Ykn., “Ishii lubbuun koo baayʼee jaallatu.”

Ykn., “tuqaa hedduu.”

Ykn tarii, “gaddeera.”

Kal., “Foon akkamii.”

Ykn., “giiftiitti.”

Ykn., “marfamaniiru.”

Ykn., “Namni Itoophiyaa.”

Ykn., “qaanessaanis.”

Ykn., “namoota isaanii warra xixinnoo.”

Ykn., “boʼoowwan.”

Ykn., “dhukkubaan.”

Ykn., “lubbuun koo gara saba kanaa hin taʼu.”

Ykn tarii, “akaakuu murtii afur.” Kal., “maatiiwwan afur.”

Ykn tarii, “Akkuma gara duubaatti deemtetti.”

Ykn., “Gaabbuun.”

Ykn., “manshiidhaan.”

Ykn tarii, “Qaanofteetti, salphatteettis.”

Kal., “na hin fudhatin.”

Ykn., “ergaa balaaleffannaatiin.”

Ykn., “Nama naaf dubbatu.”

Kun barsiifata gaddaa namoonni Waaqayyoon hin beekne qaban yeroo taʼu, Israaʼel ishii gantuu taate keessatti raawwatamaa kan ture fakkaata.

Kal., “daandiiwwan isaanii hundumaa irra jira.”

Kal., “reeffawwan.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn tarii, “Ati dheekkamsa koo irratti akka ibiddaatti waan qabsiifamteef.”

Ykn., “Namni jabaan.”

Kal., “Irree isaa foon kan godhatu.”

Ykn., “Namni jabaan.”

Ykn., “gowwoomsituu.”

Ykn tarii, “fayyuu kan hin dandeenye.”

Ykn., “Miira namaa isa gad fagoo.” Kal., “Kalee.”

Ykn., “haqa malee.”

Kal., “na,” Yihowaa kan argisiisu taʼuu hin oolu.

Ykn., “siʼa lama.”

Ykn., “Lubbuu keessan.”

Kal., “gurra.”

Kal., “boqu.”

Ykn., “kibba.”

Kal., “akkuma ija suphe dhooftuu sanaa duratti sirrii taʼetti.”

Ykn., “nan gaabba.”

Ykn., “nan gaabba.”

Kal., “tolchaan.”

Ykn., “aarsaa aarfamu.”

Ykn., “hin ijaaramne.”

Ykn., “Barumsichi.”

Kal., “arrabaan isa haa rukunnu.”

Ykn., “okkotee.”

Ykn., “yaada kootti illee hin dhufne.”

Ykn., “lubbuu isaanii barbaadanii.”

Ykn., “lubbuu isaanii barbaadan.”

Kal., “boquu isaanii jabeessuudhaan.”

Ykn., “Miira namaa isa gad fagoo.” Kal., “Kalee.”

Ykn., “lubbuu hiyyeessaa.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn tarii, “Namoota.”

Ykn., “dhukkuba.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “lubbuu isaanii barbaadaniitti.”

Ykn., “lubbuu isaa wajjin ni miliqa.”

Ykn., “dirree gad buʼaa.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “warri jalaa duʼan.”

Kal., “qulqulleessa.”

Yehoʼahaaz jedhamees ni waamama.

Kal., “Ciniinsuun daʼumsaas.”

Yehoyaakiinii fi Yikooniyaa jedhamees ni waamama.

Ykn., “lubbuu kee barbaadaniitti.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “gara biyya lubbuu isaanii itti ol kaasan.”

Kal., “guyyoota.”

Ykn., “dhaaltuu.”

Ykn., “gantuu dha.”

Kal., “Harka warra hammina raawwatanii ni jabeessu.”

Ykn., “abdii duwwaa taʼeen isin guutaa.”

Ykn., “Ergaa ulfaataan.” Jechi kun Afaan Ibrootaatiin hiika lama kan qabu yeroo taʼu, “labsii Waaqayyoo ulfaataa taʼe” ykn “wanta ulfaatu” jechuu dha.

Ykn., “ergaa ulfaataa.”

Ykn., “Ergaa ulfaataan.”

Ykn., “ergaa ulfaataa.”

Ykn., “Ergaa ulfaataa.”

Ykn., “Ergaa ulfaataa.”

Ykn., “ergaa ulfaataa.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Yehoyaakiinii fi Kooniyaa jedhamees ni waamama.

Ykn tarii, “warra dallaawwan ittisaa ijaaranii.”

Ykn., “dhukkuba.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “hundumaatti.”

Kal., “bariidhaan kaʼee.”

Kal., “bariidhaan kaʼee.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Kun maqaa iccitii Baabel (Baabilon) fakkaata.

Kal., “foon.”

Ykn., “sagaduudhaaf.”

Ykn., “nan gaabba.”

Ykn., “barumsa.”

Kal., “bariidhaan kaʼee.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “ni gaabba.”

Ykn., “mana qulqullummaas.”

Ykn., “akkuma tabba daggalaa.”

Ykn., “hin gaabbinee.”

Ykn., “lubbuu keenya.”

Ykn., “Zedeeqiyaa.” Barreeffamoonni durii tokko tokko maqaa kanatti fayyadamu.

Kal., “isa ija koo duratti sirrii taʼe sanaaf.”

Ykn., “dhukkubaan.”

Kal., “boqotu.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Jechuunis, Galaana sibiila diimaa mana qulqullummaa.

Ykn., “mana mootummaa.”

Kal., “Guyyoota waggaa lamaa.”

Ykn., “Haa taʼu!”

Ykn., “dhukkubni.”

Ykn., “giiftittiin.”

Ykn tarii, “warri dallaawwan ittisaa ijaaran.”

Ykn., “dhukkuba.”

Ykn tarii, “dhoʼuu.”

Kal., “bariidhaan kaʼee.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Jechuunis, jirma miila, harkaa fi morma ittiin hidhan.

Ykn., “mudhii.”

Kal., “guddaa.”

Ykn., “isaan.”

Ykn., “sirreessa.”

Ykn tarii, “ulfina qabeeyyii.”

Kal., “garaa isaa qabsiisa godhee kenna.”

Ykn., “Jaalala amanamaa sitti argisiisuu koo kanan itti fufe.”

Ykn., “Akka warra kolfaa jiraniitti shubbisaa.”

Kal., “fura.”

Ykn., “Wantoota gaggaarii Yihowaa biraa argamanitti.”

Ykn., “Lubbuu lubootaatiif.”

Kal., “cooma.”

Ykn., “ijoollee.”

Ykn., “lubbuu.”

Ykn., “lubbuu.”

Kal., “ni doome.”

Ykn tarii, “abbaa manaa isaanii.”

Ykn., “dambiiwwan.”

Ykn., “Dirree gad buʼaan.”

Ykn., “daaraa coome sanaa,” jechuunis, daaraa cooma aarsaatiin jiidhe.

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “mana mootummaa.”

Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “bobaa ilmaan isaanii.”

Ykn., “Ati kaayyoowwan kee wajjin haala wal qabateen guddaa dha.”

Ykn., “dhukkubaatiin.”

Kal., “foon.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Kal., “bariidhaan kaʼee.”

Ibsa Jechootaa ilaali. “Gahaannam.”

Ykn., “yaada kootti illee hin dhufne.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “dhaaltuu.”

Ykn., “dambii.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ka., “harʼa.”

Ykn., “lubbuu.”

Ykn., “dhukkubaa.”

Ykn., “lubbuu isaanii barbaadanitti.”

Ykn., “lubbuu isaanii barbaadanitti.”

Ykn., “kutaawwan.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Kal., “bariidhaan kaʼee.”

Kal., “bariidhaan kaʼee.”

Ykn., “kitaaba.”

Ykn., “kutaa nyaataa.”

Ykn., “barreessaa.”

Ykn., “kitaaba.”

Ykn., “kitaaba.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “abbootiin taayitaa mana mootummaa.”

Ykn., “kitaaba.”

Ykn., “kitaaba.”

Yeroo Sadaasa walakkaa irraa kaasee hamma Muddee walakkaatti jiru. Kutaa Dabalataa B15 ilaali.

Ykn., “kitaaba.”

Yehoyaakiinii fi Yikooniyaa jedhamees ni waamama.

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “lubbuu keessan.”

Kal., “mana hidhaa sibiilaa qabu keessa isa galchan.”

Kal., “mana boolla bishaanii.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “dhukkubaan.”

Kal., “gad baʼu.”

Ykn., “lubbuu isaa wajjin ni miliqa.”

Kal., “harka.”

Ykn., “abbaa taayitaa mana mootummaa.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “tolcheen.”

Ykn., “lubbuu kee barbaadan.”

Kal., “yoo gad baate.”

Ykn., “lubbuun kee ni jiraata.”

Kal., “gad hin baatu.”

Kal., “Gad baʼuu.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “Namoonni sii wajjin nagaa qaban.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Yookiin akka qoqqoodama Afaan Ibrootaa kana irraa adda taʼetti, “Nergaal Shaarezer, Saamgaar Nebu, Saarsekiim, Raabsaaris.”

Ykn., “falfaltuu (urjii lakkooftuu) beekamaa.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn tarii, “tajaajila dirqamaa isaaniif ni kenne.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “abbaa taayitaa mana mootummaa isa guddaa.”

Ykn., “falfaltuu (urjii lakkooftuu) beekamaa.”

Ykn., “lubbuu kee wajjin ni miliqxa.”

Kal., “dura nan dhaabbadha.”

Ykn., “lubbuu kee rukutuuf.”

Ykn., “lubbuu kee rukuta.”

Kal., “sanyii mootummaa.”

Ykn tarii, “bishaan kuufamaa guddaa.”

Ykn., “gadduuf.”

Ykn., “yeroo muraasaaf achi jiraachuuf.”

Ykn., “dhukkubaan.”

Ykn., “reenjii.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “manneen qulqullummaa.”

Ykn., “utuu hin miidhaminis.”

Ykn., “Mana (Mana qulqullummaa) Aduu,” jechuunis, Heliyopolis.

Ykn., “manneen qulqullummaa.”

Ykn., “Memfiis.”

Kal., “bariidhaan kaʼee.”

Ykn., “lubbuu keessanitti.”

Ykn., “dhukkubaan.”

Ykn., “lubbuu isaanii ol ni kaasu.”

Maqaa ulfinaa waaqayyittii Israaʼelonni gantoota taʼan waaqeffatan; waaqayyittii hormaataa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Maqaa ulfinaa waaqayyittii Israaʼelonni gantoota taʼan waaqeffatan; waaqayyittii hormaataa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Maqaa ulfinaa waaqayyittii Israaʼelonni gantoota taʼan waaqeffatan; waaqayyittii hormaataa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Kal., “isaan gara garaa isaatti dhufaniiru.”

Maqaa ulfinaa waaqayyittii Israaʼelonni gantoota taʼan waaqeffatan; waaqayyittii hormaataa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “lubbuu isaa barbaadu.”

Ykn., “lubbuu isaa barbaadanitti.”

Ykn., “eeggachaa.”

Ykn., “namoota.”

Ykn., “lubbuu kee wajjin akka miliqxu nan godha.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Gaachana xinnoo yeroo baayʼee warri xiyya darbatan qabatan.

Kal., “irra dhaabbatanis.”

Ykn., “qalma.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “Memfiis.”

Kal., “Yeroo murteeffametti.”

Jechuunis, inni Gibxii injifatu.

Ykn., “Memfiis.”

Ykn tarii, “ona ni taati.”

Ykn., “qoraan funaananiitti.”

Jechuunis, Tebees.

Ykn., “lubbuu isaanii barbaadaniitti.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “sin sirreessa.”

Jechuunis, Qarxees.

Jechuunis, isaan gaddaa fi qaaniidhaan mataa isaanii ni haaddatu.

Ykn., “dirree gad buʼaa.”

Ykn., “ol kaʼaa taʼe.”

Ykn., “dirreen gad buʼaan.”

Ykn., “pilaatoonis.”

Ykn tarii, “lafa gogaa irra.”

Ykn., “pilaatoo.”

Kal., “Gaanfi.”

Jechuunis, ulullee yeroo awwaalchaatti gaddaaf afuufamu.

Ykn., “kan jeeqamu.”

Jechuunis, ulullee yeroo awwaalchaatti gaddaaf afuufamu.

Ykn., “ni jeeqama.”

Jechuunis, goflaa.

Ykn tarii, “iyya.”

Ykn., “naannoo ishiitti.”

Ykn., “goorannoo hoolotaa.”

Ykn., “dirreewwan gad buʼoo.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “Kallattii hundumaatti.”

Kal., “jalqaba.”

Ykn., “lubbuu isaanii barbaadan.”

Ykn., “Jirma mallattoo.”

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Kal., “irra dhaabbattan.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “guutummaatti isaan balleessi.”

Kal., “irra dhaabbatan.”

Kal., “cal jechisiifamu.”

Ykn., “raajota sobaa.”

Kun maqaa iccitii biyya Kaladootaa fakkaata.

Kal., “irra hin ejjetin.”

Jechuunis, biyya Kaladootaa.

Ykn tarii, “korojoo xiyyaa keessan guuttadhaa.”

Ykn., “jirma mallattoo.”

Ykn., “safarri buʼaa keetii itti guutu.”

Ykn., “lubbuu.”

Ykn., “hurkawwan.”

Ykn tarii, “boʼoowwan.”

Ykn., “siidaan isaa inni baqfamee tolfame.”

Ykn., “wanta gatii hin qabnee.”

Ykn., “jirma mallattoo.”

Kal., “qulqulleessaa.”

Kal., “qulqulleessaa.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “bishaaniin akkan fudhatamu godheera.”

Kun maqaa iccitii Baabel (Baabilon) fakkaata.

Ykn., “Keessummoonni.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “mana mootummaa.”

Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Balʼinni quba tokkoo 1.85 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “lubbuuwwan.”

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.

Ykn., “lubbuuwwan.”

Kal., “mataa isaa ol ni qabe.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi