ISAAYYAAS
1 Mulʼata Isaayyaas*+ ilmi Amooz bara Ooziyaa,+ Yootaam,+ Akaazii+ fi Hisqiyaas+ warra mootota Yihudaa turanitti+ Yihudaa fi Yerusaalemiin ilaalchisee arge:
2 Yaa samiiwwan, dhagaʼaa, yaa lafaa, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu,+
Sababiin isaas, Yihowaan akkana jedhee dubbateera:
3 Qotiyyoon abbaa isaa,
Harreenis gongaa* gooftaa isaa akka gaariitti beeka;
Israaʼel garuu na* hin beeku,+
Sabni koo hubannaa hin qabu.”
4 Saba cubbamaadhaaf,+
Uummata dogoggorri isaa itti ulfaateef,
Sanyii namoota hamootiif, ijoollee mancaʼoo taʼaniif wayyoo!
5 Qaama keessan irraa bakki rukutamuu dandeessan hin jiru; maarree finciluu keessan kan itti fuftan maaliifi?+
Guutummaan mataa dhibameera,
Guutummaan garaas dhukkubsateera.+
6 Faana miilaatii kaasee hamma mataatti, bakki fayyaa taʼe tokko illee hin jiru.
Madaaʼeera, dirmammaaʼeera, madaa afaan baneen guutameera,
Taʼus hin walʼaanamne,* hin hidhamne, zayitiis hin dibamne.+
7 Biyyi keessan onteetti.
Magaalonni keessan ibiddaan gubamaniiru.
Namoonni biyya ormaa ijuma keessan duratti biyya keessan ni nyaatu.+
Biyyi keessan akkuma lafa onaa namoota biyya ormaatiin garagalfamee taateetti.+
8 Intalli Xiyoon akkuma daasii maasii wayinii keessa jiruutti,
Akkuma godoo maasii buqqee dheedhii nyaatamuu keessa jiruutti,
Akkuma magaalaa marfamteettis kan dhiifamte taateetti.+
9 Yihowaan Gooftaan Raayyaa namoota oolan muraasa utuu nuuf hin hambisne taʼee,
Silaa akkuma Sodoom taana,
Gomoraas ni fakkaanna turre.+
10 Isin abbootiin irree* Sodoom,+ dubbii Yihowaa dhagaʼaa.
Isin namoonni Gomoraa,+ seera* Waaqa keenyaa xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa.
11 Yihowaan akkana jedha: “Baayʼinni aarsaawwan keessanii maal na fayyada?+
Ani aarsaawwan korbeeyyii hoolaa,+ cooma horiiwwan keessan warra gabbatoos+ quufeera,
Dhiigni+ jibootaa,+ dhiigni hoolota xobbaallaa fi dhiigni reʼootaa+ na hin gammachiisu.
13 Aarsaawwan midhaanii warra gatii hin qabne fiduu keessan dhiisaa.
Ixaanni keessan na biratti jibbisiisaa dha.+
Isin guyyoota baatiiwwan haaraa+ fi sanbatawwan+ ni kabajju, walgaʼiiwwanis+ ni qopheessitu.
Taʼus, utuma walgaʼiiwwan qulqulluu qopheessitanii mora+ raawwattan kam iyyuu obsaan bira darbuu hin dandaʼu.
14 Ani* guyyoota baatiiwwan haaraa keessanii fi ayyaanota keessan jibbeera.
Isaan baʼaa natti taʼaniiru;
Isaan baachuunis na nuffisiiseera.
15 Harka keessan yommuu diriirsitan,
Ija koo isin duraa nan dhoksa.+
16 Dhiqadhaa, of qulqulleessaa;+
Gochawwan hamminaa keessan na duraa balleessaa;
Wanta hamaa raawwachuu keessan dhiisaa.+
17 Wanta gaarii raawwachuu baradhaa, haqa barbaadaa,+
Isa nama cunqursu sirreessaa,
Mirga mucaa abbaa hin qabneetiif* falmaa,
Dubartii abbaan manaa irraa duʼeefis falmaa.”+
18 Yihowaan akkana jedha: “Kottaa, rakkina nu gidduutti uumameef furmaata haa kenninu.+
Cubbuun keessan diimaa dhiiga fakkaatu yoo taʼe illee,
Akkuma cabbii adii ni taʼa;+
Akka uffata bifa bildiimaatti yoo diimate illee,
Akkuma suufii ni addaata.
19 Fedhii yoo qabaattan, yoo dhageessanis,
Wantoota gaggaarii biyyattii keessaa argaman ni nyaattu.+
20 Yoo diddanii fi yoo finciltan garuu,
Goraadeen isin nyaata;+
Sababiin isaas, kana kan dubbate afaan Yihowaa ti.”
21 Magaalaan amanamtuu turte+ akkam sagaagaltuu taate!+
Ishii keessa haqni guutee ture;+
Qajeelummaan ishii keessa jiraata ture,+
Amma garuu warra nama ajjeesantu ishii keessa jiraata.+
23 Bulchitoonni kee mata jabeeyyii fi michuu hattootaa ti.+
Tokkoon tokkoon isaanii mattaʼaa jaallatu, kennaa duukaas ni fiigu.+
Ijoollee abbaa hin qabneef* haqaan hin murteessan,
Dhimmi seeraa dubartii abbaan manaa irraa duʼees matumaa isaan bira hin gaʼu.+
24 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaan Raayyaa inni Gooftaa dhugaa taʼe,
Inni Humna Qabeessi kan Israaʼel akkana jedha:
“Kunoo, ani hamajaajota koo of duraa haxaaʼee nan balleessa,
Diinota koo irrattis haaloo nan baʼa.+
25 Harka koo si irratti nan kaasa,
Kosii kee guutummaatti baqsee nan balleessa,
Xurii kee hundumaas si irraa nan balleessa.+
26 Akka isa jalqabaatti abbootii murtii,
Akka isa duraattis gorsitoota siif nan kenna.+
Atis kana booda Magaalaa Qajeelummaa, Magaalaa Amanamtuu jedhamta.+
27 Xiyoon haqaan ni furamti,+
Namoonni ishii warri deebiʼanis qajeelummaadhaan ni furamu.
29 Sababiin isaas, isin mukeetii guguddoo hawwitan sanaan kan kaʼe ni qaaneffamtu,+
Iddoowwan biqiltuu* filattan sanaan kan kaʼes ni salphifamtu.+
30 Isin akkuma muka guddaa baalli isaa irraa harcaʼee,+
Akkuma iddoo biqiltuu bishaan hin qabnees ni taatu.
31 Namni jabaan citaa,
Hojiin isaas qaanqee ni taʼa;
Lamaan isaanii iyyuu waliin ni gubatu,
Kan isaan dhaamsus hin jiraatu.”
2 Wanti Isaayyaas ilmi Amooz Yihudaa fi Yerusaalemiin ilaalchisee arge kana dha:+
2 Guyyoota dhumaatti,
Gaarri mana Yihowaa
Fiixee gaarotaa gararraatti jabaatee ni dhaabbata,+
Tabbawwanii olittis ol ni kaafama,
Saboonni hundis gara isaatti ni yaaʼu.+
3 Namoonni hedduunis dhaqanii akkana jedhu:
“Kottaa, gara gaara Yihowaatti,
Gara mana Waaqa Yaaqoobitti ol haa baanu.+
Inni waaʼee karaawwan isaa nu barsiisa,
Nutis daandiiwwan isaa irra ni deemna.”+
4 Inni saboota gidduutti murtii ni kenna,
Dhimmoota namoota hedduutiifis furmaata ni argamsiisa.
Isaan goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti,
Eeboo isaaniis tumanii gara haamtuutti ni jijjiiru.+
Sabni saba irratti goraadee hin kaasu,
Isaan kana booda waraana hin baratan.+
5 Yaa mana Yaaqoob, kottaa,
Ifa Yihowaatiin haa deddeebinu.+
6 Ati saba kee, mana Yaaqoob dhiisteetta,+
Sababiin isaas, isaan wantoota Baha irraa dhufaniin guutamaniiru;
Isaan akkuma Filisxeemotaatti mora raawwatu,+
Ijoollee namoota biyya ormaatiinis guutamaniiru.
7 Biyyi isaanii meetii fi warqiidhaan kan guutame dha,
Qabeenyi isaaniis hammana kan jedhamu miti.
Biyyi isaanii fardeeniin kan guutame dha,
Gaariiwwan fardaa isaaniis hammana kan jedhaman miti.+
8 Biyyi isaanii waaqolii gatii hin qabneen guutameera.+
Isaan hojii harka isaaniitiif,
Wantuma qubni isaanii tolcheef ni sagadu.
9 Kanaafuu, namni gad ni qabama, ni salphatas,
Atis matumaa dhiifama isaaniif hin gootu.
10 Fuula Yihowaa isa sodaachisaa,
Simboo isaa isa ulfina qabeessa taʼeenis kan kaʼe,+
Isin qarsaa keessa seenaa, biyyoo keessas dhokadhaa.
11 Ijji namaa inni of tuulu ni salphifama,
Namoonni of guguddisanis gad ni qabamu.
Guyyaa sanatti Yihowaa qofatu ol qabama.
12 Sababiin isaas, guyyichi guyyaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.+
Guyyichi nama of tuuluu fi ol of qabu hundumaa irratti,
Isa ol qabames taʼe isa gad qabame hundumaa irratti,+
13 Mukeetii gaattiraa Libaanon warra dhedheeroo fi ol kaʼoo taʼan hundumaa irratti,
Mukeetii qilxuu Baashaan hundumaa irrattis,
14 Gaarota ol kaʼoo hundumaa irratti
Tulluuwwan dhedheeroo hundumaa irrattis,
15 Masaraa ol kaʼaa hundumaa fi dallaa dhagaa hundumaa irratti,
16 Dooniiwwan Tarshiish+ hundumaa irratti,
Akkasumas bidiruuwwan babbareedoo hundumaa irratti ni dhufa.
17 Namni of tuulu ni salphifama,
Namoonni of guguddisanis gad ni qabamu.
Guyyaa sanatti Yihowaa qofatu ol qabama.
18 Waaqoliin gatii hin qabne guutummaatti ni badu.+
19 Yeroo inni lafti sodaadhaan akka hollattu gochuuf kaʼutti,
Fuula Yihowaa isa sodaachisaa taʼeen,
Simboo isaa isa ulfina qabeessa taʼeenis kan kaʼe,+
Namoonni gara holqa qarsaa keessa jiruutti,
Gara boolla lafa keessa jiruuttis ni seenu.+
20 Guyyaa sanatti namoonni waaqolii isaanii warra gatii hin qabne, warra meetii fi warqii irraa tolfaman,
Warra isaaniif sagaduuf tolfatanii turan sana fuudhanii,
Hantuutaa* fi simbira halkaniitiif ni darbatu;+
21 Isaan kana kan godhan, yeroo inni lafti sodaadhaan akka hollattu gochuuf kaʼutti,
Fuula Yihowaa isa sodaachisaa taʼeen,
Simboo isaa isa ulfina qabeessa taʼeenis kan kaʼe,
Gara boolla qarsaa keessa jiruutti,
Gara baqaqaa kattaa keessa jiruuttis seenuuf jedhanii ti.
22 Ofuma keessaniif jedhaatii
Nama isa akkuma hafuura funyaan isaa keessaa baʼuu taʼetti* amanamuu dhiisaa.
Bakki guddaan maaliif isaaf kennama?
3 Kunoo, Gooftaa dhugaan, Yihowaan Gooftaan Raayyaa,
Yerusaalemii fi Yihudaa keessaa gargaarsa akaakuu hundumaa,
Nyaataa fi bishaan hundumaa ni balleessa;+
2 Nama jabaa fi loltuu,
Abbaa murtii fi raajii,+ nama hooda dubbatuu fi maanguddoo,
3 Ajajaa 50,+ nama kabajamaa, gorsituu,
Nama falfala raawwachuu irratti dandeettii guddaa qabu, nama dawweessuu irratti dandeettii qabus ni balleessa.+
4 Ijoolleen bulchitoota isaanii akka taʼan nan godha,
Warri ejjennoo hin qabnes isaan ni bulchu.
5 Uummanni walii isaa,
Tokkoon tokkoon namaas nama isa kan biraa ni cunqursa.+
Mucaa xinnoon maanguddoo ni miidha,
Namni bakka guddaa hin qabnes nama kabajamaa ni salphisa.+
6 Tokkoon tokkoon namaa obboleessa isaa isa mana abbaa isaa keessa jiru qabatee,
“Ati waaroo qabda, ajajaa keenya taʼi.
Tuullaa diiggaa kana irrattis bulchi” jedha.
7 Inni garuu guyyaa sanatti,
“Ani isa madaa keessan walʼaanu* hin taʼu;
Mana koo keessaa nyaatas taʼe uffata hin qabu.
Sabicha irratti ajajaa na hin godhinaa” jedhee morma.
8 Yerusaalem gufatteetti,
Yihudaanis kufteetti,
Sababiin isaas, isaan dubbiidhaanis taʼe gochaan Yihowaa mormaniiru;
Ija isa ulfina qabeessa taʼe sanaa* durattis mata jabeeyyii taʼaniiru.+
9 Wanti fuula isaanii irraa mulʼatu isaan irratti ragaa baʼa,
Isaan akkuma Sodoomitti+ cubbuu isaanii ifatti ni dubbatu;
Dhoksuufis yaalii hin godhan.
Of irratti badiisa waan fidaniif, isaaniif* wayyoo!
11 Isa hamaadhaaf wayyoo!
Badiisni isa irra ni gaʼa,
Sababiin isaas, wanti harki isaa raawwate isa irrattis ni raawwatama!
12 Warri saba koo hojjechiisan hamoota dha,
Kan isaan bulchus dubartoota dha.
Yaa saba koo, geggeessitoonni keessan asii fi achi akka joortan ni godhu,
Kallattii daandii keessaniis isin wallaalchisu.+
13 Yihowaan himata isaa dhiheeffachuuf iddoo isaa qabateera;
Saboota irratti murtii dabarsuufis dhaabbateera.
14 Yihowaan maanguddootaa fi bulchitoota saba isaa irratti ni murteessa.
“Isin maasii wayinii gubdaniittu,
Wanti hiyyeessa irraa hattanis mana keessan keessa jira.+
15 Isin saba koo kan caccabsitan,
Fuula hiyyeeyyiis lafa irratti kan daaktan hammam onnattanii ti?”+ jedha Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
16 Yihowaan akkana jedha: “Ijoolleen durbaa Xiyoon kan of tuulan,
Mataa isaanii ol qabanii* kan deeman,
Ija isaaniitiin kan kolomsan, tafa isaanii asii fi achi raasaa,
Sagalee albuu isaaniis dhageessisaa kan deeman taʼuu isaaniitiin kan kaʼe,
17 Yihowaan mataa ijoollee durbaa Xiyoon cittoodhaan ni rukuta,
Akkasumas Yihowaan adda isaanii qullaatti ni hambisa.+
18 Guyyaa sanatti Yihowaan faayawwan isaanii hundumaa irraa ni fuudha: albuu isaanii isa miidhagaa,
Faaya adda irratti hidhamuu fi faaya boca baatii haaraatiin tolfame,+
19 Lootii,* bitawoo fi haguuggii,
20 Faaya mataa, albuu fi qabattoo miidhagfame,*
Miʼa dibataa* fi kudhaama,
21 Qubeellaa fi amartii funyaanii,
22 Uffata guyyaa addaatti uffatamu, uffata irraan uffatamu, waaroo fi boorsaa harkaa,
23 Daawwitii harkaa+ fi uffata quncee talbaa,*
Akkasumas marata mataa fi shaashii.
24 Bakka zayitii baalsaamii,*+ foolii ajaaʼu,
Bakka qabattoo, wadaroo,
Bakka rifeensa miidhagfamee dhaʼamee, moluu,+
Bakka uffata gatii guddaa qabuu, uffata gaddaa,+
Bakka miidhaginaas godaannisatu taʼa.
25 Dhiironni keessan goraadeedhaan,
Namoonni keessan warri jajjaboonis waraana irratti ni kufu.+
4 Guyyaa sanatti dubartoonni torba dhiira tokko qabanii,+
“Nuti nyaatuma ofii keenyaa ni nyaanna,
Uffatuma ofii keenyaas ni uffanna;
Salphinni* keenya akka nu irraa kaʼuuf,+
Maquma keetiin haa waamamnu” jedhu.
2 Guyyaa sanatti wanti Yihowaan akka latu godhu simbo qabeessaa fi ulfina qabeessa ni taʼa; firiin biyyattiis kooraa fi miidhagina warra Israaʼel irraa hafanii ni taʼa.+ 3 Warri Xiyoon keessa jiraatanii fi Yerusaalem keessatti hafan, jechuunis warri Yerusaalem keessatti jireenyaaf galmeeffaman hundi qulqulloota jedhamu.+
4 Yihowaan hafuura murtiittii fi hafuura gubutti*+ fayyadamee xurii* ijoollee durbaa Xiyoon yommuu dhiquu+ fi dhiiga Yerusaalem dhangalaaste ishii gidduudhaa yommuu qulqulleessu, 5 Yihowaan guutummaa naannoo Gaara Xiyoonii fi iddoo walgaʼiiwwan ishii irratti guyyaa duumeessaa fi aara, halkan immoo ifa ibiddaa ni uuma;+ wantoota ulfina qabeeyyii achitti argaman hundumaa irratti gaaddisni ni taʼa. 6 Kana malees, guyyaa guyyaa yeroo aduun gubdutti gaaddisa akka taʼuuf,+ akkasumas bakka obomboleettii fi bokkaa jalaa itti baqatanii fi eegumsa itti argatan akka taʼuuf godoon tokko ni jiraata.+
5 Mee, isan jaalladhu sanaaf
Waaʼee isan jaalladhu sanaa fi waaʼee maasii wayinii isaa nan faarfadha.+
Inni ani jaalladhu tabba lalisaa irratti maasii wayinii tokko qaba ture.
2 Innis isa ni qote, dhagaas keessaa ni guure.
Muka wayinii diimaa filatamaa taʼe isa irra ni dhaabe,
Gidduu isaattis masaraa tokko ni ijaare,
Dhagaas bocee achi keessatti bakka wayinii itti cuunfan ni tolche.+
Inni mukti wayinii sun firii wayinii akka godhatu abdatee ture,
Mukichi garuu firii wayinii bosonaa qofa godhate.+
3 “Egaa amma, isin jiraattonni Yerusaalemii fi namoonni Yihudaa,
Maaloo anaa fi maasii wayinii koo gidduutti murtii kennaa.+
4 Wantin maasii wayinii kootiif gochuu qabuu fi
Utuun hin godhin hafe jiraa?+
Maarree, yommuun firii wayinii argachuuf abdadhetti,
Firii wayinii bosonaa qofa kan godhate maaliifi?
5 Ammas maaloo,
Wantan maasii wayinii koo irratti godhu isinittan hima:
Dallaa qoree isaa nan buqqisa,
Innis ibiddaan ni gubama.+
Dallaa dhagaa isaa nan diiga,
Innis ni dhidhiitama.
Harangamaa* fi aramaadhaan ni liqimfama,+
Anis duumessoonni isa irratti bokkaa akka hin roobsine nan ajaja.+
7 Maasiin wayinii Yihowaa Gooftaa Raayyaa mana Israaʼeli;+
Namoonni Yihudaas biqiltuu inni jaallatu dha.
Inni haqni akka dagaagu abdatee ture,+
Garuu kunoo, jalʼinatu taʼe;
Inni qajeelummaa abdatee ture,
Garuu kunoo, iyya dhiphinaatu taʼe.”+
8 Warra namoota kaaniif wanta tokko illee utuu hin hambisin
Biyyattii irratti kophaa isaanii hamma hafanitti,
Mana irratti mana dabalataniif,+
Maasii irrattis maasii dabalataniif wayyoo!+
9 Yihowaan Gooftaan Raayyaa,
Manneen hedduun guguddoo fi mimmiidhagoo yoo taʼan iyyuu,
Bakka sodaachisoo akka taʼanii fi
Ona akka taʼan+ utuma gurri koo dhagaʼuu kakateera.
10 Maasii wayinii hektaara afur* irraa, oomisha safartuu baatii* tokko,
Sanyii safartuu homeerii* tokko irraas oomisha eefaa* tokko qofatu argama.+
11 Warra dhugaatii alkoolii dhuguuf ganama bariidhaan kaʼaniif,+
Warra hamma daadhiin wayinii isaan gubutti hamma halkaniitti dhiisifataniif wayyoo!
12 Isaan affeerraa isaanii irratti baganaa fi meeshaa muuziqaa ribuu qabu,
Dibbee, ulullee fi daadhii wayinii qabu;
Taʼus gochawwan Yihowaa hin qalbeeffatan,
Hojiiwwan harka isaatiis hin hubatan.
13 Sabni koo beekumsa waan hin qabneef,+
Boojuudhaan ni fudhatamu;
Namoonni isaanii warri kabajamoo taʼan ni beelaʼu,+
Sabni isaanii hundis dheebuudhaan ni gubatu.
14 Kanaafuu, Awwaalli* of* ni balʼise,
Afaan isaas akka malee balʼisee ni bane;+
Simboon* ishii, iyyi ishii inni guddaanii fi wacni ishii
Dhugumaan gara isaatti gad ni buʼu.
15 Namni gad ni qabama,
Ni salphifama,
Ijji warra of tuulaniis ni salphifama.
16 Yihowaan Gooftaan Raayyaa murtii* isaatiin ol ni qabama;
Waaqni dhugaan, Inni Qulqulluun+ qajeelummaadhaan of ni qulqulleessa.+
17 Hoolonni xobbaallaan akkuma iddoo dheedichaa isaaniitti achitti ni dheedu;
Namoonni biyya ormaas iddoowwan ona taʼanii fi dur horiiwwan gabbatoon keessa turan keessaa ni nyaatu.
18 Warra yakka isaanii wadaroo gowwoomsaatiin,
Cubbuu isaaniis funyoo gaariin ittiin harkifamuun harkisaniif wayyoo;
19 Warra, “Inni hojii isaa haa saffisiisu;
Akka isa arginuuf dafee haa dhufu.
20 Warra isa gaariidhaan hamaa, isa hamaadhaanis gaarii jedhaniif,+
Warra dukkana ifatti, ifas dukkanatti jijjiiraniif,
Warra isa hadhaaʼaa miʼaawaadhaan, isa miʼaawaas hadhaaʼaadhaan bakka buusaniif wayyoo!
21 Warra ogeessa akka taʼanitti of ilaalaniif,
Akka yaada isaaniittis hubattoota taʼaniif wayyoo!+
22 Warra daadhii wayinii dhuguu irratti jajjaboo taʼaniif,
Namoota dhugaatii alkoolii walitti makuu irratti dandeettii guddaa qabaniif,+
23 Warra mattaʼaa fudhachuudhaan nama hamaa bilisa baasaniif,+
Nama qajeelaa immoo haqa dhowwataniif wayyoo!+
24 Akkuma arrabni ibiddaa hoffaa gubutti,
Laboobnis marga gogaa shuntuursutti,
Hiddi isaanii ni tortora,
Daraaraan isaaniis akka daakuutti ni bittinnaaʼa;
Sababiin isaas, isaan seera* Yihowaa Gooftaa Raayyaa tuffataniiru,
Dubbii Isa Qulqulluu kan Israaʼelis salphisaniiru.+
25 Dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti kan bobaʼu kanaafi;
Inni harka isaa isaan irratti kaasee isaan rukuta.+
Gaaronni ni kirkiru,
Reeffi isaaniis daandiiwwan irratti akkuma kosii ni taʼa.+
Kana hundumaatiin kan kaʼes, dheekkamsi isaa hin qabbanoofne,
Kanaa mannaa, harki isaa rukutuuf akkuma diriirfametti jira.
26 Inni saba fagoo jiruuf mallattoo* dhaabeera;+
Andaara lafaa irraa akka dhufaniif siiqsee isaan waameera;+
Kunoo, isaan saffisa guddaadhaan dhufaa jiru.+
27 Isaan gidduudhaa kan dadhabu yookiin kan gufatu tokko illee hin jiru.
Kan mugus taʼe kan rafu hin jiru.
Qabattoon mudhii isaanii irra jiru hin laafne,
Hidhaan kophee isaaniis hin cinne.
28 Xiyyi isaanii hundi qaramaa dha,
Iddaan isaanii hundis kan dabsame dha.*
Kotteen fardeen isaanii akkuma dhagaa jabaa ti,
Geengoowwan gaarii fardaa isaaniis akkuma bubbee ti.+
Isaan ni gururiʼu, adamsaniis ni qabatu,
Fudhatanii ni deemu, kan irraa oolchus hin jiru.
30 Guyyaa sanatti isaan akkuma galaanaatti,
Isa irratti ni gungumu.+
Namni xiyyeeffannaadhaan biyyattii ilaalu kam iyyuu dukkana nama dhiphisu arga;
Duumessootaan kan kaʼe ifni illee dukkanaaʼeera.+
6 Bara Ooziyaan Mootichi duʼetti,+ Yihowaan teessoo dheeraa fi ol kaʼaa taʼe irra taaʼee nan arge;+ fiixeen uffata isaatiis mana qulqullummaa guutee ture. 2 Suraafelonni isa gararraa dhaabbatanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis qoochoowwan* jaʼa jaʼa qabu turan. Tokkoon tokkoon isaanii* qoochoowwan lamaan fuula isaanii, akkasumas qoochoowwan lamaan miila isaanii haguuganii turan; qoochoowwan lama lamaan immoo ni barrisu turan.
3 Isaaniis sagalee isaanii ol kaasanii,
“Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.+
Guutummaan lafaas ulfina isaatiin guutamteetti” waliin jedhu turan.
4 Wiirtuuwwan gubanii balbalaas sagalee iyyuun* ni sochoʼan; manichis aaraan guutamee ture.+
5 Anis, “Anaaf wayyoo!
Nama hidhiin isaa xuraaʼe waanan taʼeef,
Uummata hidhiin isaa xuraaʼe+ gidduu waanan jiraadhuuf,
Ijji koos Mooticha, Yihowaa Gooftaa Raayyaa waan argeef,
Duʼuun koo hin oolun!”* jedhe.
6 Yeroo kanatti suraafelota keessaa tokko barrisee gara koo dhufe; barbadaan*+ inni iddoo aarsaa irraa qabduudhaan fudhates harka isaa irra jira ture.+ 7 Innis afaan koo tuqee,
“Kunoo, kun hidhii kee tuqeera.
Yakki kee si irraa balleeffameera,
Cubbuun kees siif dhiifameera” naan jedhe.
8 Achiis sagaleen Yihowaa, “Eenyuunan ergadha? Eenyutu nuuf dhaqa?”+ yeroo jedhu nan dhagaʼe. Anis, “Kunoo ani jira! Ana ergi!” nan jedhe.+
9 Innis akkana jedhee naaf deebise: “Dhaqiitii saba kanaan akkana jedhi:
‘Isin irra deddeebitanii ni dhageessu,
Garuu hin hubattan;
Irra deddeebitanii ni argitu,
Garuu beekumsa tokko illee hin argattan.’+
10 Isaan ija isaaniitiin akka hin argineef,
Gurra isaaniitiinis akka hin dhageenyeef,
Garaan isaanii akka hin hubanneef,+
Isaanis gara kootti akka hin deebinee fi akka hin fayyineef,
Garaan saba kanaa didaa akka taʼu,
Gurri isaaniis duudaa akka taʼu godhi;+
Ija isaaniis walitti fayyisi.”
11 Yeroo kanatti ani, “Yaa Yihowaa, hamma yoomiitti?” nan jedhe. Innis akkana naan jedhe:
“Hamma magaalonni diigamanii namni keessa jiraatu dhabamutti,
Hamma manneen namoota malee hafanitti,
Hamma biyyattiin diigamtee ontutti;+
12 Hamma Yihowaan namoota iddoo fagootti geessutti,+
Akkasumas, hamma biyyattiin garri caalaan ishii ontutti.
13 “Haa taʼu malee, harka kudhan keessaa harki tokko ishii keessatti ni hafa; inni ammas ni gubama; akkuma muka guddaa fi akkuma muka qilxuu warra erga muramanii booda gufuu isaanii hambisaniis ni taʼa; gufuun ishii keessatti hafes sanyii qulqulluu ni taʼa.”
7 Bara Akaaz+ ilma Yotaam, ilma Ooziyaa isa mootii Yihudaa taʼetti, Reezin mootiin Sooriyaa fi Peeqaan+ ilmi Remaaliyaa mootiin Israaʼel, Yerusaalemiin waraanuuf ol ni baʼan; taʼus inni* ishii qabachuu hin dandeenye.+ 2 Achiis, “Sooriyaan Efreemii wajjin tokkummaa uumteetti” jedhamee mana Daawititti himame.
Garaan Akaazii fi garaan uummata isaas, akkuma mukeetiin bosonaa qilleensaan raafamanitti raafamuu jalqabe.
3 Achiis Yihowaan Isaayyaasiin akkana jedhe: “Maaloo, atii fi ilmi kee Sheʼaaryaashuub*+ fiixee ujummoo* bishaan kuufamaa isa olii+ isa daandii guddaa maasii namicha uffata miiccu sanaa biratti argamu irratti Akaaziin argachuuf gad baʼaa. 4 Atis akkana isaan jedhi: ‘Tasgabbaaʼi. Gufuuwwan gubatanii aaraa jiran lamaan kanaan kan kaʼe, jechuunis Reezin, Sooriyaanii fi ilmi Remaaliyaa+ baayʼee dheekkamuu isaaniitiin kan kaʼe hin sodaatin, garaan kees hin raafamin. 5 Sababiin isaas, Sooriyaan Efreemii fi ilma Remaaliyaa wajjin taatee akkana jettee si miidhuuf mala qopheessiteetti: 6 “Kottaa Yihudaa irratti duullee erga ishii hihirree* booda ishii haa qabannu;* ilma Taabeʼelis mootii goonee ishii irratti haa muudnu.”+
7 “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
“Malli kun hin milkaaʼu,
Hin raawwatamus.
8 Mataan Sooriyaa Damaasqoo dha,
Mataan Damaasqoo immoo Reezini.
Waggaa 65 keessatti,
Efreem guutummaatti ni caccaba, saba taʼuun isaas ni hafa.+
Amantii cimaa yoo qabaattan malee,
Jabaattanii hin dhaabbattan.”’”
10 Yihowaan akkana jedhee Akaazitti dubbachuu isaa itti fufe: 11 “Waaqa kee Yihowaa biraa mallattoo gaafadhu;+ innis akka Awwaalaatti* gad fagoo yookiin akka samiitti ol fagoo yoo taʼe illee sitti ni argisiisa.” 12 Akaaz garuu, “Ani hin gaafadhu, Yihowaas hin qoru” jedhe.
13 Achiis Isaayyaas akkana jedhe: “Maaloo, yaa mana Daawit dhagaʼaa. Obsa Waaqayyoo kan qortan, obsa namootaa qoruun keessan isinitti hanqateetii?+ 14 Egaa Yihowaan mallattoo kana isiniif ni kenna: Kunoo, shamarreen* ulfooftee ilma ni deessi;+ maqaa isaas Amaanuʼel* jettee moggaasti.+ 15 Innis yeroo wanta hamaa jibbuu fi wanta gaarii filachuu barutti dhadhaa fi damma ni nyaata. 16 Sababiin isaas, mucichi wanta hamaa jibbuu fi wanta gaarii filachuu baruu isaa dura, biyyi mootota lamaan warri ati sodaatte sanaa guutummaatti ni ona.+ 17 Yihowaan mootii Asoor waan fiduuf,+ yeroo rakkisaa guyyaa Efreem Yihudaa irraa adda itti baʼe+ irraa jalqabee hamma harʼaatti taʼee hin beekne si irratti, saba kee irrattii fi mana abbaa keetii irratti ni fida.
18 “Guyyaa sanatti Yihowaan lageen gara Abbayyaa isa Gibxiitti yaaʼanii fi fagoo jiran irraa tisiisota, biyya Asoor keessaa immoo kanniisota siiqsee ni waama; 19 achiis hundi isaanii dhufanii sululawwan* gad fagoo taʼan irra, ededawwan qarsaa irra, harangamaawwan hundumaa fi iddoowwan bishaanii hundumaa irra ni qubatu.
20 “Guyyaa sanatti Yihowaan haadduu naannoo Lagichaatii* ergifatetti, jechuunis mootii Asooritti+ fayyadamee, mataa fi rifeensa miilaa ni haada; haadduun sun areedas haxaaʼee ni balleessa.
21 “Guyyaa sanatti namni tokko horii keessaa goromsa tokkoo fi hoolota lama lubbuudhaan ni hambisa. 22 Aannan baayʼinaan waan jiraatuuf inni dhadhaa ni nyaata; namni biyyattii keessatti hafe kam iyyuu dhadhaa fi damma ni nyaata.
23 “Guyyaa sanatti bakka mukti wayinii 1,000 meetii sheeqilii* 1,000 itti baasaa ture hundumaatti, harangamaa fi aramaa qofa taʼa. 24 Guutummaan biyyattii harangamaa fi aramaa waan taatuuf, namoonni iddaa fi xiyya qabatanii achi dhaqu. 25 Ati harangamaa fi aramaa waan sodaattuuf, gara gaarota gasoodhaan qulqulleeffamanii turan sana hundumaatti hin dhihaattu; isaanis bakka qotiyyoowwan itti dheedanii fi lafa hoolonni dhidhiitan ni taʼu.”
8 Yihowaan akkana naan jedhe: “Gabatee guddaa+ tokko fudhadhuutii, ‘Maahaar-shaalaal-haash-baaz’* jedhii qalamaan* irratti barreessi. 2 Anis ragoota amanamoo kan taʼan Uuriyaa+ lubichaa fi Zakkaariyaas ilma Yeberekiyaa duratti barreeffamaan akka raggaasifamu nan godha.”*
3 Sana booda raajittii* wajjin saalqunnamtii nan raawwadhe;* ishiinis ulfooftee ilma ni deesse.+ Yihowaanis akkana naan jedhe: “Maqaa isaa Maahaar-shaalaal-haash-baaz jedhii moggaasi; 4 sababiin isaas, mucichi, ‘Aabbaa! Harmee!’ jedhee waamuu baruu isaa dura qabeenyi Damaasqoo fi boojuun Samaariyaa mootii Asoor duratti ni fudhatama.”+
5 Yihowaan ammas akkana naan jedhe:
6 “Sabni kun bishaanota Shiloʼaa* warra suuta jedhanii yaaʼan tuffatee+
Reezinii fi ilma Remaaliyaatti+ waan gammadeef,
7 Kunoo, Yihowaan
Bishaanota Lagichaa* warra jajjaboo fi babalʼoo taʼan,
Mootii Asoorii+ fi ulfina isaa hundumaa isaanitti ni fida.
Inni yaaʼaawwan bishaanii isaa hundumaa guutee
Qarqara isaa hundumaa irra ni dhangalaʼa;
8 Yihudaas ni liqimsa.
Inni lolaʼee keessa ni darba, hamma mormaattis ni gaʼa;+
Qoochoowwan isaa warri diriirfamanis guutummaa lafa keetii ni uwwisu!”
9 Namoota nana, miidhaa geessisaa, garuu ni caccabdu.
Isin warri andaara lafaatii dhuftan hundi dhagaʼaa!
Waraanaaf qophaaʼaa,* garuu ni caccabdu!+
Waraanaaf qophaaʼaa, garuu ni caccabdu!
10 Karoora baafadhaa, garuu ni fashalaaʼa!
11 Yihowaan harka isaa isa cimaa na irra kaaʼee, daandii saba kanaa akkan hin hordofne na akeekkachiisuuf akkana naan jedhe:
12 “Wanta namoonni kun daba akka taʼe dubbatan, isin daba akka taʼe hin dubbatinaa!
Wanta isaan sodaatan hin sodaatinaa;
Inni isin hin hollachiisin.
13 Qulqulluu akka taʼetti ilaaluu kan qabdan Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti,+
Sodaachuu kan qabdan isa dha,
Hollachuu kan qabdanis isaafi.”+
14 Inni akka iddoo qulqulluu ni taʼa,
Manneen Israaʼel lamaaniif garuu
Akka dhagaa nama gufachiisuu+ fi
Akka qarsaa nama kuffisuu ni taʼa;
Jiraattota Yerusaalemiifis
Akka kiyyoo fi qamaaxiraa* ni taʼa.
15 Hedduun isaanii ni gufatu, ni kufu, ni cabus;
Isaan kiyyoo keessa ni galu, ni qabamus.
17 Ani abdiidhaan* Yihowaa nan eeggadha;+ inni fuula isaa mana Yaaqoob jalaa dhokseera;+ ani isa nan abdadha.
18 Kunoo, anii fi ijoolleen Yihowaan naaf kenne,+ Israaʼel keessatti akka mallattoo+ fi dinqii Yihowaa Gooftaa Raayyaa isa Gaara Xiyoon irra jiraatu irraa kennamanii ti.
19 Isaan, “Eker dubbistoota yookiin raagdota warra wacanii fi gunguman gaafadhu” yoo siin jedhan, sabni tokko gaafachuu kan qabu Waaqa isaa mitii? Isaan waaʼee warra lubbuudhaan jiranii warra duʼan gaafachuu qabuu?+ 20 Kanaa mannaa, isaan seerichaa fi ragaa barreeffame* sana qoruu qabu!
Isaan akka dubbii kanaatti utuu hin dubbatin yeroo hafanitti, ifa* hin qabaatan.+ 21 Tokkoon tokkoon isaanii miidhamanii fi beelaʼanii biyyattii keessa ni darbu;+ inni waan beelaʼee fi waan aareef, ol ilaalee mootii isaa fi Waaqa isaa ni abaara. 22 Achiis gara lafaa yommuu ilaalu, dhiphina, dukkana, abdii kutachuu, yeroo rakkisaa taʼee fi dimimmisa qofa malee ifa hin argu.
9 Haa taʼu malee, dimimmisni sun akka yeroo biyyattiin dhiphattee turte sanaa, akka bara durii yeroo biyyi Zaabiloonii fi biyyi Niftaalem tuffatamanii turan sanaa hin taʼu.+ Yeroo booda garuu inni* biyyichi jechuunis daandiin galaanichatti geessu, Galiilaan sabootaa inni naannoo Yordaanos keessatti argamu ulfina akka argatu ni godha.
2 Uummanni dukkana keessa deemaa ture,
Ifa guddaa arge.
Warri biyya gaaddisa cimaa keessa jiraachaa turanis
Ifni isaan irratti ni ife.+
3 Ati sabicha baayʼisteetta;
Gammachuun isaaniis guddaa akka taʼu gooteetta.
Akkuma namoonni yeroo makaraatti gammadanitti,
Akkuma namoota gammachuudhaan boojuu hirataniittis
Isaan si duratti ni gammadu.
4 Sababiin isaas, akkuma guyyaa Miidiyaanitti taʼetti,+
Ati waanjoo* baʼaa isaanii,
Ulee gateettii isaanii irra jiruu fi harcummee nama isaan hojjechiisu sanaa caccabsiteetta.
5 Kopheen yeroo duulaatti lafa sochoosu hundi,
Uffanni dhiigaan laaqame hundis
Ibiddaan ni nyaatama.
Maqaan isaas, Gorsaa Dinqii,+ Waaqa Jabaa,+ Abbaa Bara Baraa, Bulchaa Nagaa jedhama.
7 Teessoo Daawitii+ fi mootummaa isaa irratti,
Badhaadhinni bulchiinsa* isaa,
Nagaan isaas dhuma hin qabaatu;+
Ammaa jalqabee bara baraaf,
Cimee ni dhaabbata,+ ni jiraatas.
Hinaaffaan Yihowaa Gooftaa Raayyaa kana ni godha.
8 Yihowaan Yaaqoob irratti labsii ergeera,
Kunis Israaʼel irratti dhufeera.+
9 Guutummaan sabichaa,
Efreemii fi jiraattonni Samaariyaa
Warri of tuulummaa isaaniitiin, akkasumas garaa isaanii isa addaggee taʼeen kan kaʼe akkana jedhan isa ni hubatu:
10 “Xuubiiwwan diigamaniiru,
Nuti garuu dhagoota bocamaniin ni ijaarra.+
Mukeetiin harbuu muramaniiru,
Nuti garuu mukeetii gaattiraatiin bakka buusna.”
11 Yihowaan hamajaajota Reezin isa irratti ni kaasa,
Tarkaanfii akka irratti fudhataniifis diinota isaa ni kakaasa;
12 Kallattii bahaa irraa Sooriyaa, kallattii dhihaa irraa* immoo Filisxeemota isa irratti ni fida,+
Isaanis afaan bananii Israaʼeliin ni liqimsu.+
Kana hundumaatiin kan kaʼes, dheekkamsi isaa hin qabbanoofne,
Kanaa mannaa, harki isaa rukutuuf akkuma diriirfametti jira.+
13 Sababiin isaas, sabichi gara isa isaan rukutetti hin deebine,
Yihowaa Gooftaa Raayyaa hin barbaaddanne.+
14 Yihowaan Israaʼel keessaa guyyaa tokkotti,
15 Maanguddoonii fi namni kabajamaan mataa dha,
Raajiin barumsa sobaa barsiisus eegee dha.+
16 Warri saba kana geggeessan asii fi achi akka jooran isaan godhu,
Warri geggeeffamanis burjaajaʼaniiru.
17 Yihowaan dargaggoota isaaniitti kan hin gammanne kanaafi,
Inni ijoollee isaanii warra abbaa hin qabnee* fi dubartoota isaanii warra abbaan manaa irraa duʼeef garaa hin laafu,
Sababiin isaas, hundi isaanii gantootaa fi hammina kan raawwatani dha,+
Afaan hundis wanta gatii hin qabne dubbata.
Kana hundumaatiin kan kaʼes, dheekkamsi isaa hin qabbanoofne,
Kanaa mannaa, harki isaa rukutuuf akkuma diriirfametti jira.+
18 Sababiin isaas, hamminni akkuma ibiddaa ni bobaʼa,
Harangamaa fi aramaas ni nyaata.
Tusiiwwan* bosonaa irratti ibidda ni qabsiisa,
Isaanis duumessa aaraa taʼanii ol ni baʼu.
19 Aarii guddaa Yihowaa Gooftaa Raayyaatiin
Biyyattiin ibiddaan gubachaa jirti,
Namoonnis ibiddichaaf qoraan ni taʼu.
Namni obboleessa isaatiif illee hilu hin jiraatu.
20 Inni tokko karaa mirgaatiin ni mura,
Garuu amma iyyuu ni beelaʼa;
Inni tokkos karaa bitaatiin ni nyaata,
Garuu hin quufu.
Tokkoon tokkoon namaa foon irree isaa ni nyaata,
21 Minaaseen Efreemiin,
Efreemis Minaasee ni nyaata.
Isaan waliin taʼanii Yihudaa irratti ni kaʼu.+
Kana hundumaatiin kan kaʼes, dheekkamsi isaa hin qabbanoofne,
Kanaa mannaa, harki isaa rukutuuf akkuma diriirfametti jira.+
10 Warra dambiiwwan miidhaa geessisan baasaniif,+
Warra yeroo hundumaa labsiiwwan nama cunqursan qopheessaniif wayyoo!
2 Isaan kana kan godhan, dhimma seeraa hiyyeeyyii dabsuuf,
Namoota rakkatoo saba koo gidduutti argaman haqa dhowwachuuf,+
Qabeenya dubartoota abbaan manaa irra duʼee boojiʼuuf,
Gargaarsa argachuuf eenyutti baqattu?+
Qabeenya* keessan hoo eessatti dhiistu?
4 Hidhamtoota gidduu quphanuu
Yookiin warra duʼan gidduutti kufuu malee wanti isiniif hafu hin jiru.
Kana hundumaatiin kan kaʼes, dheekkamsi isaa hin qabbanoofne,
Kanaa mannaa, harki isaa rukutuuf akkuma diriirfametti jira.+
5 “Kunoo, Asoorota,+
Warra ulee dheekkamsi koo ittiin ibsamu taʼanii+ fi
Harcummeen balaaleffannaa koo ibsu harka isaanii irra jiru!
6 Ani saba gantuu taʼe irratti,
Uummata na dheekkamsiisu irratti isa nan erga;+
Wanta hedduu boojiʼee fi saamee akka fudhatuuf,
Akkuma dhoqqee daandii irra jiruuttis akka isaan dhidhiituuf isa nan ajaja.+
7 Inni garuu fedhiin isaa kana miti,
Wanti inni garaa isaatti yaadus kana miti;
Garaa isaa keessa kan jiru guutummaatti balleessuu,
Saba xinnoo utuu hin taʼin, saboota hedduu balleessuu dha.
8 Sababiin isaas, inni akkana jedha:
‘Bulchitoonni koo hundi mootota mitii?+
10 Harki koo mootummoota waaqolii gatii hin qabnee,
Warra Yerusaalemii fi Samaariyaa caalaa fakkiiwwan bocaman hedduu qaban sana qabateera!+
11 Ani akkuman Samaariyaa fi waaqolii ishii warra gatii hin qabne irratti raawwadhe,
Yerusaalemii fi waaqolii tolfamoo ishii irratti hoo hin raawwadhuu?’+
12 “Yihowaan hojii Gaara Xiyoon irrattii fi Yerusaalem keessatti hojjetu hundumaa yommuu xumurutti, addaggummaa garaa isaatiin, boonuu isaa fi of tuulummaadhaan ilaaluu isaatiin kan kaʼe mootii Asoor ni* adaba.+ 13 Sababiin isaas, inni akkana jedheera:
‘Ogeessa waanan taʼeef, harka koo isa jabaadhaan,
Ogummaa kootiinis kana nan godha.
Daangaawwan sabootaa nan buqqisa,+
Qabeenya isaanii nan saama,+
Akkuma nama jabaattis jiraattota isaanii toʼannaa jala nan galfadha.+
14 Akkuma nama harka isaa manʼee simbiraa keessa galchutti
Harki koo qabeenya sabootaa ni fudhata;
Akkuma nama hanqaaquu gatame walitti qabuttis
Guutummaa lafaa walitti nan qaba!
Qoochoo isaa kan walitti rukutu yookiin afaan isaa kan banu yookiin kan wacu tokko illee hin jiraatu.’”
15 Qottoon nama ittiin falaxu irratti ol of ni qabaa?
Magaaziin hoo nama ittiin muru irratti ol of ni qabaa?
Harcummeen+ nama isa kaasu asii fi achi raasuu ni dandaʼaa?
Yookiin uleen nama isa muka irraa hin tolfamne ol kaasuu ni dandaʼaa?
16 Kanaafuu, Gooftaa dhugaan, Yihowaan Gooftaan Raayyaa,
Namoota isaa warra fufurdoo taʼan ni huqqisa,+
Ulfina isaa jalattis ibidda gubu ni qabsiisa.+
Qulqulluun isaas labooba ni taʼa;
Inni ni bobaʼa, guyyaa tokkottis aramaa fi harangamaa isaa ni nyaata.
18 Inni ulfina bosonaa fi ulfina maasii fuduraa isaa guutummaatti* ni balleessa;
Ulfinni sunis akkuma nama dhukkubsatee dhumaa deemuu ni taʼa.+
19 Mukeetiin bosona isaa warri hafan
Baayʼee xinnoo taʼuu isaaniitiin kan kaʼe, mucaa xinnoon isaan galmeessuu ni dandaʼa.
20 Guyyaa sanatti warri Israaʼel keessaa hafan,
Warri mana Yaaqoob keessaa oolanis
Qaama isaan rukute irratti hin hirkatan;+
Kanaa mannaa, amanamummaadhaan Yihowaa irratti,
Isa Qulqulluu kan Israaʼel irratti ni hirkatu.
22 Yaa Israaʼel, sabni kee
Akkuma cirracha galaanaa yoo taʼan iyyuu,
Warra isaan irraa hafan qofatu deebiʼa.+
23 Eeyyee, badiisni Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa isaan irratti murteesse
Guutummaa biyyattii irratti ni raawwatama.+
24 Kanaafuu, Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Sabni koo warri Xiyoon keessa jiraattan, Asoorota warra akkuma Gibxiin gootetti+ uleedhaan isin reebaa fi harcummee isaanii isin irratti kaasaa turan+ hin sodaatinaa. 25 Sababiin isaas, yeroo xinnoo booda balaaleffannaan sun ni xumurama; dheekkamsi koos badiisa isaanitti fiduuf isaanitti ni garagala.+ 26 Yihowaan Gooftaan Raayyaa, yeroo qarsaa Oreeb biratti Miidiyaaniin moʼetti akkuma godhe,+ alangaa isa irratti ni mirmirsa.+ Uleen isaas galaanicha gubbaa ni taʼa; akkuma Gibxii irratti godhettis ulee sana ol ni kaasa.+
27 Guyyaa sanatti baʼaan isaa gateettii kee irraa,+
Waanjoon isaas morma kee irraa ni buʼa;+
Waanjoon sunis zayitichaan kan kaʼe ni caba.”+
29 Isaan malkaa sana ceʼaniiru;
Geebaa+ keessa ni bulu;
Raamaan ni hollatti, Gibeʼaan+ magaalaan Saaʼolis ni baqatte.+
30 Yaa intala Gaaliim, iyyi, caraanis!
Yaa Laayishaa, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu!
Yaa Anaatot+ ishii nama gaddisiistu nana, iyyi!
31 Maadmenaan baqatteetti.
Jiraattonni Geebiim bakka itti dhokatan barbaaddataniiru.
32 Guyyuma kanatti inni Noob+ keessa ni dhaabbata.
Harka isaa aboottatees, gaara intala Xiyoon irratti,
Tabba Yerusaalem irratti ni raasa.
33 Kunoo, Gooftaa dhugaan, Yihowaan Gooftaan Raayyaa,
Dameewwan sana akka malee ni ciccira;+
Mukeetiin hunda caalaa dhedheeroo taʼan ni muramu,
Warri ol qabamanis ni salphifamu.
34 Inni miʼa sibiilaatiin* tusiiwwan bosonaa ni rukuta,
Libaanonis nama jabaadhaan ni kufti.
2 Hafuurri Yihowaa isa irra ni buufata,+
Hafuurri ogummaa+ fi hafuurri hubannaa,
Hafuurri gorsaa fi hafuurri jabinaa,+
Hafuurri beekumsaa fi hafuurri Yihowaa sodaachuu isa irra ni buufata.
3 Yihowaa sodaachuuttis ni gammada.+
Wantuma ija isaatiin argu irratti hundaaʼee murtii hin kennu,
Wantuma gurra isaatiin dhagaʼu irratti hundaaʼees hin ifatu.+
4 Warra rakkataniif haqaan* murtii ni kenna,
Garraamota lafa irra jiraniif jedhees qajeelummaadhaan ni ifata.
Ulee afaan isaa keessaa baʼuun lafa ni rukuta,+
Hafuura afaan isaa keessaa baʼuunis isa hamaa ni ajjeesa.+
5 Qajeelummaan qabattoo dugda isaa,
Amanamummaanis qabattoo mudhii isaa ni taʼa.+
6 Yeeyyiin xobbaallaa hoolaa wajjin ni jiraata,+
Qeerransis ilmoo reʼee wajjin ni ciisa,
Jabbiin, leencii* fi horiin gabbataan waliin ni jiraatu;*+
Mucaan xinnoonis isaan ni tiksa.
7 Saanii fi amaakenni waliin ni dheedu,
Ilmooleen isaaniis waliin ni ciciisu.
Leencis akkuma qotiyyoo galabaa ni nyaata.+
8 Daaʼimni harma hodhu manʼee marʼataa irra ni taphata,
Daaʼimni harma guʼes harka isaa boolla bofa summii qabuu keessa ni kaaʼa.
9 Isaan guutummaa gaara koo isa qulqulluu irratti+ miidhaa
Yookiin badiisa akkamii iyyuu hin geessisan,+
Sababiin isaas, akkuma bishaan galaana uwwisu,
Laftis dhugumaan beekumsa Yihowaatiin ni guutamti.+
10 Guyyaa sanatti hiddi Issey+ sabootaaf mallattoo*+ taʼee dhaabbata.
Saboonnis qajeelfama argachuuf gara isaatti garagalu,*+
Bakki boqonnaa isaas ulfina qabeessa ni taʼa.
11 Guyyaa sanatti Yihowaan, yeroo lammaffaadhaaf saba isaa warra hafan kanneen Asoor,+ Gibxii,+ Phaatros,+ Kuush,+ Eelaam,+ Shinaar,* Hamaatii fi odolawwan galaanaa irraa oolan deebifachuuf ammas harka isaa ni diriirsa.+ 12 Inni sabootaaf mallattoo* ni dhaaba; Israaʼel keessaa warra bittinnaaʼan walitti ni qaba;+ Yihudaa keessaa warra faffacaʼanis golee lafaa arfan irraa walitti ni qaba.+
13 Hinaaffaan Efreem ni bada,+
Warri diina Yihudaa taʼanis ni balleeffamu.
Efreem Yihudaatti hin hinaafu,
Yihudaanis Efreemitti diina hin taʼu.+
14 Isaan karaa dhihaatiin irraan gadeewwan* Filisxeemotaa irratti saffisaan gad ni buʼu;
Waliin taʼaniis saba gara Bahaa ni saamu.
Hafuura isaa isa waxaluun lageen isaa torba ni rukuta,*
Namoonnis kophee isaaniitiin akka ceʼan godha.
16 Akkuma guyyaa Israaʼel biyya Gibxii keessaa baʼetti taʼe,
Saba isaa warra hafanii fi achii baʼaniifis+ daandii guddaan+ Asoor keessaa baʼu tokko ni jiraata.
12 Guyyaa sanatti ati dhugumaan akkana jetta:
“Yaa Yihowaa, sin galateeffadha,
Ati natti dheekkamtee kan turte taʼus,
Dheekkamsi kee suutuma suuta qabbanaaʼeera, atis na jajjabeessiteetta.+
2 Kunoo, Waaqayyo fayyisaa koo ti.+
Ani amanannaa qaba, homaas hin sodaadhu;+
Sababiin isaas, Yaah* Yihowaan cimina koo fi jabina koo ti,
Inni fayyisaa koo naaf taʼeera.”+
3 Isin gammachuudhaan,
Burqaawwan fayyinaa keessaa bishaan ni waraabdu.+
4 Guyyaa sanattis akkana jettu:
“Yihowaadhaaf galata galchaa, maqaa isaas waammadhaa,
Gochawwan isaa saboota gidduutti beeksisaa!+
Maqaan isaa ol qabamuu isaas labsaa.+
5 Inni wantoota dinqisiisoo+ waan raawwateef, Yihowaadhaaf faarfannaa galataa faarfadhaa.*+
Kun guutummaa lafaa irratti haa beeksifamu.
6 Inni Qulqulluun kan Israaʼel inni gidduu keessanitti argamu guddaa waan taʼeef,
Isin jiraattonni* Xiyoon iyyaa, ililchaas.”
13 Murtii Baabilon irratti dabarfamee+ fi Isaayyaas+ ilmi Amooz mulʼataan arge:
2 “Gaara qarsaa qullaa taʼe irratti mallattoo* dhaabaa.+
Gara karrawwan guguddootaatti akka seenaniif
Isaan waamaa, harka keessanis raasaa.
3 Warran muude* sanaaf ajaja dabarseera.+
Ani dheekkamsa koo karaa isaanii ibsuuf,
Loltoota koo warra boonuudhaan ol of qaban waameera.
4 Dhagaʼaa, sagaleen tuuta gaarota irra jiruu,
Sagaleen sagalee namoota hedduu fakkaatu ni dhagaʼama!
Dhagaʼaa, iyyi mootummootaa,
Iyyi saboota walitti qabamaniis+ ni dhagaʼama!
Yihowaan Gooftaan Raayyaa waraanaaf loltoota walitti qabaa jira.+
5 Yihowaanii fi meeshaawwan waraanaa dheekkamsa isaa
Guutummaa lafaa irratti badiisa fiduuf,+
Biyya fagoodhaa,+
Andaara samiiwwaniitii dhufaa jiru.
6 Guyyaan Yihowaa waan dhihaateef gadoodaa!
Inni badiisa fiduuf Isa Hundumaa Dandaʼu biraa ni dhufa.+
7 Harki hundi kan naafatu,
Garaan nama hundumaas sodaadhaan kan baqu kanaafi.+
8 Namoonni naʼaniiru.+
Akkuma dubartii ciniinsuu irra jirtuutti,
Gaggabaa fi dhiphachaa jiru.
Fuulli isaanii dhiphinaan diimatee,
Sodaa guddaadhaan wal ilaalu.
9 Biyyattii bakka sodaachisaa gochuuf,+
Cubbamoota biyyattiis ishii keessaa balleessuuf,
Kunoo, guyyaan Yihowaa
Aarii fi dheekkamsa bobaʼuun gara jabinaan dhufaa jira.
10 Urjiileen samii fi tuutawwan isaanii*+
Ifa isaanii hin kennan;
Aduun yommuu baatu ni dukkanoofti,
Addeessis ifa ishii hin ibsitu.
11 Lafattii hammina ishiitiif,+
Hamootas balleessaa isaaniitiif isaan nan gaafadha.
Koora warra of bokoksan sanaa nan balleessa,
Of tuulummaa cunqursitootaas nan salphisa.+
12 Namoonni warqii qulqulleeffame caalaa,
Ilmaan namootaas warqii Ofiir+ caalaa muraasa akka taʼan nan godha.+
13 Aarii guddaa Yihowaa Gooftaa Raayyaatiin, guyyaa dheekkamsa isaa isa bobaʼaatti,
Samiiwwan akka jeeqaman,
Laftis iddoo ishiitii akka raafamtu kanan godhu kanaafi.+
14 Akkuma borofa adamsamuu fi akkuma bushaayee nama walitti isaan qabu hin qabneetti,
Tokkoon tokkoon namaa gara saba ofii isaatti ni deebiʼa,
Tokkoon tokkoon namaa gara biyya ofii isaatti ni baqata.+
15 Namni argame kam iyyuu ni waraanama,
Namni qabame kam iyyuus goraadeedhaan ni ajjeefama.+
16 Ijoolleen isaanii ijuma isaanii duratti ni hurreeffamu,+
Manneen isaanii ni saamamu,
Haadhotiin manaa isaaniis dirqamaan ni gudeedamu.
17 Kunoo, ani namoota Meedon
Warra meetii homaatti hin lakkoofne,
Warqiittis hin gammanne isaan irratti nan kaasa.+
18 Iddaawwan isaanii dargaggoota ni caccabsu;+
Isaan firii gadameessaatiif garaa hin laafan,
Ijoolleedhaafis hin gaddan.
19 Baabilon ishiin mootummoota hunda caalaa ulfina qabeettii taate,*+
Ishiin bareedina Kaladootaa taatee fi isaan ittiin boonan,+
Akkuma Sodoomii fi Gomoraa warra Waaqayyo garagalche sanaa ni taati.+
20 Ishii keessa matumaa namni hin jiraatu,
Dhaloota hundumaa keessattis bakka namoonni keessa hin jiraanne ni taati.+
Arabni dunkaana isaa achi hin dhaabu,
Tiksitoonnis bushaayee isaanii achitti hin boqochiisan.
21 Uumamawwan gammoojjii achi ni ciciisu;
Manneen isaaniis hurunguudhaan ni guutamu.
22 Uumamawwan caraanan masaraawwan ishii keessatti,
Sardiidonnis manneen mootummaa ishii warra miidhagoo keessatti ni iyyu.
Yeroon ishii dhihaateera, guyyoonni ishiis hin dheeratan.”+
14 Yihowaan Yaaqoobitti gara laafina ni argisiisa;+ deebiʼees Israaʼeliin ni filata.+ Inni biyya isaanii keessa isaan qubachiisa;*+ namoonni biyya ormaas isaanii wajjin ni taʼu, mana Yaaqoobittis ni maxxanu.+ 2 Namoonni kunis fudhatanii gara biyya ofii isaaniitti isaan geessu; manni Israaʼel biyya Yihowaa keessatti tajaajiltoota dhiiraa fi tajaajiltoota durbaa godhanii isaan ni dhaalu;+ warra isaan boojiʼanii turan sana ni boojiʼu; warra dirqisiisanii isaan hojjechiisaa turanis* toʼannaa jala ni galfatu.
3 Guyyaa Yihowaan dhiphina, jeequmsaa fi garbummaa cimaa si irratti feʼamee ture irraa boqonnaa siif kennutti,+ 4 akkana jettee mootii Baabilon irratti mammaakta:*
“Inni warra kaan dirqisiisee hojjechiisaa ture* dhumni isaa akkamitti gaʼe!
Gochi cunqursaan sun akkamitti dhaabbate!+
5 Yihowaan ulee hamootaa,
Ulee bulchitootaa,+
6 Isa irra deddeebiʼee gara jabinaan saboota rukutu,+
Isa ariʼatama wal irraa hin cinneen aariidhaan saboota toʼannaa isaa jala galchu sana cabseera.+
7 Guutummaan lafaa amma boqotteetti, jeequmsa irraas bilisa taateetti.
Namoonni gammachuudhaan ni ililchu.+
8 Mukeetiin birbirsaa illee
Gaattiraawwan Libaanonii wajjin taʼuudhaan wanta si irra gaʼetti ni gammadu.
Isaan, ‘Ati erga kuftee jalqabee,
Namni muka muru nutti dhufee hin beeku’ jedhu.
9 Awwaalli* lafa jalatti argamu illee
Yeroo dhuftu si argachuuf kakaʼeera.
Sababii keetiin inni warra duʼaan moʼaman,
Geggeessitoota lafaa warra cunqursitoota* taʼan hundumaa ni dammaqsa.
Mootota sabootaa hundumaa teessoo isaanii irraa ni kaasa.
10 Hundi isaanii akkana jedhanii sitti dubbatu:
‘Atis akkuma keenya dadhabaa taatee?
Atis akkuma keenya taatee?
11 Of tuulummaan kee,
Sagaleen meeshaawwan muuziqaa kee warra ribuu qabaniis+ gara Awwaalaatti* gad buufamaniiru.
Raammoon akka sireetti siif afameera,
Wanti irraan uffattus isuma dha.’
12 Yaa urjii ibsitu nana, yaa ilma barraaqaa,
Ati akkamitti samii irraa kufte!
Ati inni saboota injifatte,
Akkamitti muramtee lafa irra ciiste!+
13 Ati garaa keetti akkana jettee turte: ‘Ani gara samiiwwaniitti ol nan baʼa.+
Teessoo koo urjiilee Waaqayyoo gararraatti ol nan kaasa,+
Gaara walgaʼii isa
Kallattii kaabaatiin fagaatee argamu irras nan taaʼa.+
14 Fiixee duumessootaa gubbaatti ol nan baʼa;
Isa Hundaa Oliis nan fakkaadha.’
15 Garuu ati gara Awwaalaatti,*
Gara boolla fagaatee argamutti gad ni buuta.
16 Warri si arganis xiyyeeffannaadhaan si ilaalu;
Sitti dhihaatanii si qorachuudhaanis akkana jedhu:
‘Kun namicha lafa sochoosaa ture,
Isa mootummoota romʼisiisaa ture,+
17 Isa addunyaa akkuma lafa onaa godhe,
Magaalota isaa garagalche,+
Warra hidhes gara mana isaaniitti deebisuu dide sana mitii?’+
18 Mootonni sabootaa kaan hundi,
Eeyyee, hundi isaanii
Tokkoon tokkoon isaanii iddoo awwaalchaa* ofii isaanii keessa ulfinaan ni ciciisu.
19 Ati garuu akkuma latii* jibbameetti,
Awwaala utuu hin argatin gatamteetta;
Reeffi kee reeffawwan goraadeedhaan waraanamanii
Gara dhagoota boollaatti gad buʼaniin marameera;
Ati akka reeffa faana jalatti dhidhiitamee taateetta.
20 Ati biyya kee waan balleessiteef,
Uummata kees waan ajjeesteef,
Awwaala keessatti isaanii wajjin hin taatu.
Maqaan sanyii warra hammina hojjetaniis lammata hin dhaʼamu.
21 Isaan kaʼanii lafa akka hin qabanneef,
Biyyattiis magaalota isaaniitiin akka hin guunneef,
Yakka abbootii isaaniitiin kan kaʼe,
Iddoo ilmaan isaa itti qalaman qopheessaa.”
22 “Ani isaan irratti nan kaʼa”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
“Ani maqaas taʼe nama hafe, sanyiis taʼe dhaloota fuulduraa Baabilon keessaa haxaaʼee nan balleessa”+ jedha Yihowaan.
23 “Ani biyya dhaddee fi naannoo caffee ishii nan godha; harataa badiisaatiinis ishii nan haxaaʼa”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
24 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedhee kakateera:
“Akkuman yaade ni taʼa,
Akkuman murteessettis ni raawwatama.
25 Ani biyya koo keessatti Asooricha nan caccabsa,
Gaarota koo irrattis isa nan dhidhiita.+
Waanjoon isaa isaan irraa,
Baʼaan isaas gateettii isaanii irraa ni kaafama.”+
26 Wanti guutummaa lafaa irratti murteeffame,*
Harki guutummaa sabootaa irratti diriirfames* isa kana.
27 Yihowaan Gooftaan Raayyaa murteesseera,
Eenyutu fashaleessuu dandaʼa?+
Harki isaa diriirfameera,
Eenyutu duubatti deebisuu dandaʼa?+
28 Bara Akaaz Mootichi duʼetti,+ murtiin akkana jedhu ni kenname:
29 Yaa Filisxeem, uleen isa si rukutu sanaa waanuma cabeef,
Si keessaa namni tokko illee hin gammadin.
Sababiin isaas, hidda bofaa+ sana irraa bofti summii qabu ni baʼa,+
Sanyiin isaas bofa barrisuu fi ibidda baasu* ni taʼa.
30 Ijoolleen angafaa namoota rakkatoo taʼanii utuma nyaachaa jiranii,
Hiyyeeyyiinis utuma tasgabbiidhaan ciisaa jiranii,
Hidda kee beelaan nan ajjeesa,
Wanti si irraa hafus ni ajjeefama.+
31 Yaa karra nana, gadoodi! Yaa magaalaa nana, iyyi!
Yaa Filisxeem, garaan hunda keessanii ni sodaata!
Sababiin isaas, kallattii kaabaa irraa aarri tokko dhufaa jira,
Toora isaa keessaa boodatti kan hafus hin jiru.”
32 Ergamtoota sabichaatiif maal jedhanii deebisuu qabu?
Yihowaan buʼuura Xiyoon kaaʼuu isaa,+
Saba isaa keessaas warri rakkatoon ishiitti kooluu galuu isaanii isaanitti ni himu.
15 Murtii Moʼaab irratti dabarfame:+
Ishiin halkan tokkotti waan balleeffamteef,
Aar+ ishiin Moʼaab cal jechisiifamteetti.
Ishiin halkan tokkotti waan balleeffamteef,
Qiir+ ishiin Moʼaab cal jechisiifamteetti.
Moʼaab Neboo+ fi Medebaadhaaf+ ni gadooddi.
Mataan hundi haadameera,+ areedni hundis murameera.+
3 Isaan daandiiwwan ishii irratti uffata gaddaa uffataniiru.
Hundi isaanii baaxiiwwan isaanii irrattii fi addabaabayiiwwan isaanii keessatti ni gadoodu;
Booʼaas gad ni buʼu.+
Namoonni Moʼaab warri meeshaa waraanaa hidhatan iyyaa kan jiran kanaafi.
Inni* romʼaa jira.
5 Garaan koo Moʼaabiif ni booʼa.
Baqattoonni ishii hamma Zoʼaarii+ fi hamma Eglaat Sheliishiyaatti+ baqataniiru.
Isaan yommuu ol baʼan irraan gadee Luhiit irratti ni booʼu;
Balaa gaʼeen kan kaʼes daandii gara Horonaayimitti geessu irratti ni iyyu.+
6 Sababiin isaas, bishaanonni Nimriim goganiiru;
Margi lalisaan gogeera,
Margi badeera, wanti lalisaa taʼe tokko illee hin hafne.
7 Isaan wanta gootaraawwan isaanii keessattii fi qabeenya isaanii irraa hafe fudhatanii deemaa kan jiran kanaafi;
Isaan sulula* alaltuu ceʼaa jiru.
8 Iyyi sun guutummaa naannoo Moʼaab keessatti ni dhagaʼama.+
Gadooduun sun hamma Eglaayimitti ni dhagaʼama;
Gadooduun sun hamma Beʼeer Eeliimitti ni dhagaʼama.
9 Sababiin isaas, bishaanonni Dimoon dhiigaan guutamaniiru,
Wantan Dimooniif qopheesse kan biraas qaba:
Namoota Moʼaab warra miliqaniif,
Warra biyyattii keessatti hafaniifis leenca qopheesseera.+
16 Seelaa irraa, karaa lafa onaa keessa
Gara gaara intala Xiyoonitti,
Bulchaa biyyattiitiif korbeessa hoolaa tokko ergaa.
2 Akkuma simbirroo manʼee ishii keessaa ariʼamteetti,+
Ijoolleen durbaa Moʼaabis malkaawwan Arnoon+ keessatti akkanuma ni taʼu.
3 “Gorsa kennaa, murtoos dabarsaa.
Guyyaa saafaatti gaaddisni kee akkuma halkanii cimaa akka taʼu godhi.
Warra bittinnaaʼan dhoksi, warra baqatanis dabarsitee hin kennin.
4 Yaa Moʼaab, namoonni koo warri bittinnaaʼan si keessa haa jiraatan.
Atis isa badiisa geessisu+ sanaan kan kaʼe, isaaniif bakka dhokannaa taʼi.
Inni cunqursu ni balleeffama,
Badiisni sun ni dhaabbata,
Namoonni warra kaan dhidhiitanis lafa irraa ni badu.
5 Achiis teessoon tokko jaalala amanamaadhaan jabaatee ni dhaabbata.
Inni dunkaana Daawit keessatti teessoo sana irra taaʼus amanamaa ni taʼa;+
Haqaan murtii ni kenna, saffisaanis qajeelummaa ni raawwachiisa.”+
6 Waaʼee of tuulummaa Moʼaab dhageenyeerra, inni baayʼee of tuultuu dha;+
Waaʼee of tuulummaa isaa, waaʼee koora isaa fi waaʼee aarii isaa isa guddaa dhageenyeerra;+
Taʼus dubbiin isaa inni duwwaa taʼe faayidaa hin qabaatu.
7 Kanaafuu, Moʼaab Moʼaabiif ni gadooda;
Hundi isaanii iyyuu ni gadoodu.+
Warri rukutaman bixxilleewwan zabiibii Qiir Haresetiif+ ni aadu.
8 Maasiiwwan wayinii Heshboon+ goganiiru,
Mukti wayinii Sibmaas+ coolligeera,
Bulchitoonni sabootaa dameewwan ishii warra diimatan* dhidhiitaniiru;
Isaan Yaazeer+ bira gaʼanii turan;
Lafa onaa keessattis babalʼatanii turan.
Latiiwwan isaa babalʼatanii galaanicha bira gaʼanii turan.
9 Akkuman Yaazeeriif booʼutti, muka wayinii Sibmaatiif kanan booʼu kanaafi.
Iyyi yeroo firii bonaa keessanii fi yeroo makaraa keessaniitti dhagaʼamu waan xumurameef,*
Yaa Heshboon, yaa Eleʼaalee,+ ani imimmaan kootiin isin nan jiisa.
10 Gammachuunii fi ililchuun maasii fuduraa sana irraa fudhatameera,
Faarfannaan gammachuu yookiin iyyi maasiiwwan wayinii keessa hin jiru.+
Iyyi sun akka dhaabbatu waanan godheef,
Inni dhidhiitu sun bakka wayiniin itti cuunfamu keessatti sana booda wayinii hin dhidhiitu.+
11 Akkuma baganaa rukutamuutti,
Keessi koo Moʼaabiif,+
Garaan koos Qiir Haresetiif kan raafamu kanaafi.+
12 Moʼaab yeroo iddoo ol kaʼaa irratti of dadhabsuu fi kadhachuuf gara iddoo qulqulluu isaa dhaqutti illee buʼaa argatu hin qabaatu.+
13 Wanti Yihowaan Moʼaabiin ilaalchisee dursee dubbate kana dha. 14 Ammas Yihowaan akkana jedha: “Waggaa sadii keessatti, akkuma bara nama mindeeffamee hojjetuutti,* ulfinni Moʼaab jeequmsa guddaa akaakuu hundumaatiin ni salphifama; warri hafanis baayʼee muraasaa fi humna kan hin qabne ni taʼu.”+
17 Murtii Damaasqoo irratti dabarfame:+
“Kunoo, Damaasqoon magaalaa taʼuun ishii ni hafa,
Ishiin tuullaa diiggaa ni taati.+
2 Magaalonni Aroʼer+ ni onu;
Isaan bakka bushaayeewwan keessa ciisan ni taʼu,
Kan isaan sodaachisus hin jiraatu.
3 Efreem+ keessaa magaalonni dallaa dhagaa qaban ni badu,
Damaasqoo keessaas mootummaan ni bada;+
Sooriyaa keessaa warri hafan
Akkuma ulfina Israaʼelotaa* ni taʼu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
4 “Guyyaa sanatti ulfinni Yaaqoob ni xiqqaata,
Qaamni isaa inni fayya buleessa taʼes* ni huqqata.
5 Inni akkuma yeroo namni midhaan dhaabbatee jiru walitti qabutti taʼu ni taʼa,
Akkuma namni tokko yeroo Sulula* Refaayim+ keessatti qaarmii midhaanii funaanu godhuttis
Irreen isaa mataa midhaanii walitti ni qaba.
6 Akkuma yeroo mukti ejersaa* rukutamu taʼutti,
Qaarmii qofatu hafa;
Damee hunda caalaa dheeraa taʼe irratti firii ejersaa bilchaate lama yookiin sadii qofatu hafa,
Dameewwan isaa warra firii godhatan irrattis firii afur yookiin shan qofatu hafa”+ jedha Yihowaan Waaqni Israaʼel.
7 Guyyaa sanatti namni gara isa isa tolche sanaa ni ilaala, ijji isaas xiyyeeffannaadhaan gara Isa Qulqulluu kan Israaʼel ni ilaala. 8 Inni gara iddoowwan aarsaa+ warra hojii harka isaa taʼanii hin ilaalu;+ gara utubaawwan waaqeffannaa* yookiin gara miʼawwan ixaana itti aarsan warra qubni isaa tolchees xiyyeeffannaadhaan hin ilaalu.
9 Guyyaa sanatti magaalonni isaa warri dallaa dhagaa qaban akkuma lafa gogaa bosona keessa jiruu,+
Akkuma damee Israaʼelota duratti dhiifamees ni taʼu;
Inni lafa onaa ni taʼa.
10 Sababiin isaas, ati Waaqa isa fayyisaa kee taʼe irraanfatteetta;+
Qarsaa+ dahoo keetiis utuu hin yaadatin hafteetta.
11 Guyyaa, of eeggannoodhaan biqiltuu keetti dallaa ni ijaarta,
Ganamas, sanyiin kee akka latu ni goota,
Oomishni sun garuu guyyaa dhukkubaattii fi guyyaa waraansa hin fayyineetti ni bada.+
12 Ilaa, jeequmsi namoota hedduu,
Warra akkuma galaanotaatti jeeqamanii ni dhagaʼama!
Wacni sabootaa,
Warri sagaleen isaanii akkuma huursaa bishaanota jajjaboo taʼee ni dhagaʼama!
13 Saboonni sagalee akkuma huursaa bishaanota hedduu taʼee ni dhageessisu.
Inni isaan ni ifata, isaanis gara bakka fagootti ni baqatu;
Akkuma habaqii gaarota irra jiruu fi bubbeen ariʼuu,
Akkuma sokorruu bubbeen gaggaragalchaa fudhatuus ni taʼu.
14 Galgala jeequmsi jira.
Bariʼuu isaa duras isaan achitti hin argaman.
Qoodni warra nu saamanii,
Carraan warra qabeenya keenya humnaan fudhataniis kana dha.
18 Biyya baalleen ilbiisaa keessaa huursu
Ishii naannoo lageen Itoophiyaa keessatti argamtuuf wayyoo!+
2 Ishiin akkana jettee ergamtoota ishii galaana irra
Bidiruuwwan dhallaadduutiin bishaanota gamatti ergiti:
“Isin ergamtoonni saffisa qabdan
Gara saba namoota dhedheeroo fi gogaan isaanii lallaafu qabuutti,*
Gara namoota bakka hundatti sodaatamaniitti,+
Gara saba cimaa fi warra kaan moʼuutti,*
Gara isa biyyi isaa lageeniin dhiqamee fudhatameetti qajeelaa.”
3 Isin jiraattonni biyyattii fi warri lafa irra jiraattan hundi,
Wanti argitan akkuma mallattoo* gaarota irra dhaabamee ni taʼa,
Sagalee akka sagalee malakata afuufamuu taʼe tokkos ni dhageessu.
4 Sababiin isaas, Yihowaan akkana naan jedheera:
“Ani akkuma hoʼa waxalu isa ifa aduu wajjin dhufuutti,
Akkuma fixeensa yeroo hoʼa makaraatti buʼuuttis
Tasgabbiidhaan taaʼee iddoo koo isa jabaatee hundeeffame* nan ilaala.
5 Sababiin isaas, yeroo makaraa dura,
Yeroo daraaraan harcaʼutti, yeroo firiin wayinii bilchaatuttis,
Latiiwwan isaa haamtuudhaan ni muramu,
Hiddawwan mukicha irra yaaʼanis irraa ni ciramu, ni balleeffamus.
6 Hundi isaanii allaattiiwwan adamsanii nyaatanii fi gaarota irra jiraniif,
Bineensota lafaatiifis ni dhiifamu.
Allaattiiwwan adamoo isaan irratti ganna ni dabarsu,
Bineensonni lafaa hundis isaan irratti yeroo makaraa ni dabarsu.
7 Yeroo sanatti saba namoota dhedheeroo fi gogaan isaanii lallaafu qabu* irraa,
Namoota bakka hundatti sodaataman irraa,
Saba cimaa fi warra kaan moʼu*
Isa biyyi isaa lageeniin dhiqamee fudhatame irraa,
Gara iddoo maqaan Yihowaa Gooftaa Raayyaa itti waamamutti, jechuunis gara Gaara Xiyoonitti,+
Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif kennaan ni fidama.”
19 Murtii Gibxii irratti dabarfame:+
Kunoo, Yihowaan duumessa saffisa qabuun gulufaa gara Gibxii dhufaa jira.
Waaqoliin Gibxii warri gatii hin qabne isa duratti ni hollatu,+
Garaan Gibxiis ishii keessatti ni baqa.
2 “Ani warra Gibxii warra Gibxii irratti nan kaasa,
Isaanis wal waraanu,
Tokkoon tokkoon namaa obboleessa isaa fi ollaa isaa irratti,
Magaalaan magaalaa irratti, mootummaanis mootummaa irratti waraana ni bana.
3 Hafuurri Gibxii ishii keessatti ni jeeqama,
Anis karoorawwan ishii nan fashaleessa.+
Isaan gara waaqolii gatii hin qabnetti,
Gara warra dawweessanitti, gara eker dubbistootaa fi gara raagdotaatti ni garagalu.+
4 Biyya Gibxii gooftaa gara jabeessa taʼetti dabarsee nan kenna,
Mootiin hamaanis isaan ni bulcha”+ jedha Gooftaa dhugaan, Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
5 Bishaan galaanichaa ni goga,
Lagichis ni waxalama, ni gogas.+
6 Lageen ni ajaaʼu;
Boʼoowwan Abbayyaa warri Gibxii keessa jiranis ni hirʼatu, ni waxalamus.
Shomboqqoowwanii fi caffeewwan ni tortoru.+
7 Biqiltoonni Laga Abbayyaa biratti, qarqara Abbayyaatti argaman,
Akkasumas lafti qarqara Abbayyaatti argamuu fi sanyiin irratti facaafame+ hundi ni goga.+
Inni bubbeedhaan ni fudhatama, sana boodas hin jiraatu.
8 Warri qurxummii kiyyeessan ni gaddu,
Warri kiyyoo qurxummii Abbayyaa keessatti darbatan gaddanii ni booʼu,
Warri saaphana isaanii bishaanicha irratti diriirsanis ni xiqqaatu.
9 Warri muka talbaa+ irraa uffata hojjetan,
Warri muka nama wayyaa dhaʼuu irratti uffata adii tolchanis ni qaaneffamu.
10 Namoonni ishii warri uffata dhaʼan ni caccabu;
Warri mindeeffamanii hojjetan hundis ni gaddu.*
11 Bulchitoonni Zoʼaan+ gowwoota dha.
Gorsitoonni Faraʼoon warri hunda caalaa ogeeyyii taʼan gorsa sirrii hin taane kennu.+
Isin akkamitti Faraʼooniin,
“Ani sanyii ogeeyyii ti,
Ani sanyii mootota durii ti” jettu?
12 Maarree namoonni kee warri ogeeyyiin eessa jiru?+
Isaan Gibxii ilaalchisee wanta Yihowaan Gooftaan Raayyaa murteesse beeku yoo taʼe sitti haa himan.
13 Bulchitoonni Zoʼaan gocha gowwummaa raawwataniiru;
Bulchitoonni Noof*+ gowwoomfamaniiru;
Ajajjoonni gosootaa ishiis Gibxii karaa irraa jalʼisaniiru.
14 Yihowaan hafuura burjaajaʼuu ishii irratti dhangalaaseera;+
Akkuma namni machaaʼe hooqqisa isaa keessa gatantarutti
Isaan wanta Gibxiin gootu hundumaatiin karaa irraa ishii jalʼisaniiru.
15 Gibxiin mataadhaafis taʼe eegeedhaaf, dameedhaafis taʼe caffeedhaaf,*
Wanta gootu tokko illee hin qabaattu.
16 Guyyaa sanatti warri Gibxii harka isa sodaachisaa Yihowaan Gooftaan Raayyaa isaan irratti kaasuun kan kaʼe akkuma dubartootaa ni taʼu, ni hollatu, ni sodaatus.+ 17 Biyyi Yihudaas Gibxii ni sodaachisti. Murtoo Yihowaan Gooftaan Raayyaa isaan irratti dabarseen kan kaʼe, yommuu maqaan ishii dhaʼamu illee ni sodaatu.+
18 Guyyaa sanatti biyya Gibxii keessatti magaalonni afaan Kanaʼaan+ dubbatanii fi Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif amanamoo taʼuuf kakatan shan ni jiraatu. Magaalaan tokko Magaalaa Diiguu jedhamtee ni waamamti.
19 Guyyaa sanatti biyya Gibxii gidduutti Yihowaadhaaf iddoon aarsaa tokko ni jiraata; daangaa ishii irrattis Yihowaadhaaf siidaan tokko ni dhaabama. 20 Innis biyya Gibxii keessatti Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif mallattoo fi ragaa ni taʼa; isaan warra isaan cunqursaniin kan kaʼe gara Yihowaatti ni iyyatu; innis fayyisaa guddicha isa isaan fayyisu isaaniif ni erga. 21 Yihowaan warra Gibxii biratti kan beekame ni taʼa, warri Gibxiis guyyaa sanatti Yihowaa ni beeku; isaan aarsaawwan ni dhiheessu, kennaawwan ni kennu, Yihowaadhaaf wareega ni wareegu, wareega sanas ni raawwatu. 22 Yihowaan Gibxii ni rukuta;+ ishii ni rukuta, ni fayyisas; isaan gara Yihowaatti ni deebiʼu, innis kadhannaa isaaniitiif deebii ni kenna, isaan ni fayyisas.
23 Guyyaa sanatti daandii guddaan Gibxii irraa gara Asooritti geessu tokko ni jiraata.+ Yeroo sanatti Asoor gara Gibxii, Gibxiinis gara Asoor ni dhufti; Gibxiin Asoorii wajjin Waaqayyoon ni tajaajilti. 24 Guyyaa sanatti Israaʼel sadaffaa taatee Gibxii fi Asoorii wajjin+ lafaaf eebba ni taati; 25 sababiin isaas, Yihowaan Gooftaan Raayyaa, “Gibxiin ishiin saba koo taate, Asoor ishiin hojii harka kootii taate, Israaʼel ishiin dhaala koo taates haa eebbifaman”+ jedhee ishii ni eebbisa.
20 Bara Saargon mootiin Asoor, Taartaanicha* gara Ashdooditti+ ergetti, inni Ashdoodiin waraanee qabate.+ 2 Yeroo sanatti Yihowaan karaa Isaayyaas+ ilma Amooz, “Dhaqiitii uffata gaddaa kee mudhii kee irraa hiiki, kophee kees miila kee irraa baasi” jedhee dubbate. Innis akkanuma ni godhe; qullaa isaa* fi miila isaa duwwaas asii fi achi ni deema ture.
3 Yihowaanis akkana jedhe: “Akkuma tajaajilaan koo Isaayyaas Gibxii+ fi Itoophiyaadhaaf+ mallattoo+ fi akeekkachiisa akka taʼutti waggaa sadiif qullaa isaa fi miila isaa duwwaa asii fi achi deemaa turetti, 4 mootiin Asooris namoota Gibxii fi namoota Itoophiyaa warra boojiʼaman+ ijoollee fi maanguddoota utuu hin jedhin qullaa isaanii fi miila isaanii duwwaa utuma hudduun isaanii mulʼatuu oofee ni fudhata; eeyyee, Gibxiin ni salphatti. 5 Isaanis ni sodaatu; Itoophiyaa ishii abdii isaanii taatee fi Gibxii ishii ittiin boonan sanatti* ni qaanaʼu. 6 Guyyaa sanatti jiraattonni qarqara galaanaa kanaa, ‘Abdii keenya ishii gargaarsa argachuu fi mootii Asoor jalaa ooluuf itti baqanne irra wanta gaʼe ilaalaa! Amma akkamitti miliqna ree?’ jedhu.”
21 Murtii lafa onaa galaanichaa* irratti dabarfame:+
Akkuma obomboleettii karaa kibbaatiin haxaaʼaa deemuutti
Lafa onaa sana keessaa, lafa sodaachisaa taʼe keessaa wanti tokko dhufaa jira.+
2 Mulʼanni hamaan tokko natti himameera:
Inni gantuun gantummaa raawwachaa jira,
Inni badiisa geessisus badiisa geessisaa jira.
Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedon,+ itti marsi!
Ani dhiphina ishiin geessiste hundumaa nan balleessa.+
3 Dhiphina guddaa keessa kanan jiru* kanaafi.+
Akkuma dubartii ciniinsuu irra jirtuutti
Miixuun na qabeera.
Kana dhagaʼuun koo baayʼee na dhiphiseera;
Kana ilaaluun koos baayʼee na jeeqeera.
4 Garaan koo jeeqameera; naasuudhaan nan holladha.
Dimimmisni ani hawwiidhaan eeggachaa ture na naasisa.
5 Minjaala qopheessaa, teessumas kaaʼaa!
Nyaadhaa, dhugaas!+
Isin bulchitoonni, kaʼaatii gaachana dibaa!
6 Sababiin isaas Yihowaan,
“Dhaqi, eegduu dhaabiitii wanta argu akka gabaasu godhi” naan jedheera.
7 Innis gaarii waraanaa fardeen cimdiidhaan harkifamu,
Gaarii waraanaa harrootaan harkifamu,
Gaarii waraanaa gaalotaan harkifamu ni arge.
Xiyyeeffannaa guddaadhaanis ni ilaale.
8 Achiis akkana jedhee akka leencaatti iyye:
“Yaa Yihowaa, ani yeroo hundumaa guyyaa guyyaa masaraa eegumsaa irra nan dhaabbadha,
Galgala galgalas iddoon itti eegu irra nan ijaajja.+
9 Wanta dhufaa jiru kana ilaali:
Namoonni gaarii waraanaa fardeen cimdiidhaan harkifamuun dhufaa jiru!”+
Achiis sagalee isaa ol kaasee akkana jedhe:
“Kufteetti! Baabilon kufteetti!+
Inni fakkiiwwan waaqolii ishii warra bocaman hundumaa lafatti gatee caccabseera!”+
10 Isin sabni koo warri akka midhaaniitti dhaʼamtan,
Isin warri oomisha* oobdii kootii taatan,+
Ani wantan Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaa Gooftaa Raayyaa irraa dhagaʼe isinitti himeera.
11 Murtii Duumaa* irratti dabarfame:
Namni tokko Seʼiir irraa na waamee akkana naan jedhe:+
“Yaa waardiyyaa, bariʼuuf hammamtu hafe?
Yaa waardiyyaa, bariʼuuf hammamtu hafe?”
12 Waardiyyaan sunis,
“Bariʼaa jira, dhihaa jiras.
Yoo gaafattan, gaafadhaa.
Deebiʼaa kottaa!” jedhe.
13 Murtii dirree gammoojjii irratti dabarfame:
Isin daldaltoonni Deedaan,+
Bosona dirree gammoojjiitti argamu keessa ni bultu.
15 Isaan goraadee jalaa, goraadee luqqifame jalaa,
Iddaa dabsame jalaa, waraana isa hamaa taʼe jalaas baqataniiru.
16 Sababiin isaas, Yihowaan akkana naan jedheera: “Waggaa tokko keessatti, akkuma bara nama mindeeffamee hojjetuutti,* ulfinni Qeedaar+ hundi ni bada. 17 Loltoota Qeedaar warra xiyya darbatan keessaa kan hafan muraasa ni taʼu; sababiin isaas, Yihowaan Waaqni Israaʼel kana dubbateera.”
22 Murtii Sulula Mulʼataa* ilaalchisee dabarfame:+
Ati gara baaxiiwwaniitti kan ol baate maaliifi?
2 Yaa magaalaa ishii wacaa fi gammachuu guddaadhaan guutamte nana,
Ati jeequmsaan guutamteetta.
Namoonni kee warri ajjeefaman kan ajjeefaman goraadeedhaan miti,
Kan duʼanis waraana irratti miti.+
3 Namoonni kee warri abbootii irree taʼan hundi walumaan baqataniiru.+
Isaan iddaa tokko malee mana hidhaatti galfamaniiru.
Gara biyya fagootti baqatanii kan turan yoo taʼe iyyuu,
Warri argaman hundi mana hidhaatti galfamaniiru.+
4 Anis akkana kanan jedhe kanaafi: “Ija kee na irraa kaasi,
Ani hirqinfadheen booʼa.+
5 Sababiin isaas, guyyichi guyyaa burjaajaʼuu, guyyaa moʼamuu fi guyyaa naasuu,+
Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaa Gooftaa Raayyaa biraa
Sulula Mulʼataatti dhufe dha.
Dallichi ni diigama,+
Iyyis gara gaarichaatti ol ni baʼa.
6 Eelaam+ korojoo xiyyaa walitti qabdee,
Gaariiwwan fardaa namoonni irra jiranii fi fardeenii* wajjin ni dhufti,
7 Sululawwan* kee warri hunda caalaa filatamoo taʼan,
Gaariiwwan fardaa waraanaatiin ni guutamu,
Fardeenis* karricha biratti iddoo isaanii ni qabatu,
8 Golgaan* Yihudaas irraa ni kaafama.
“Guyyaa sanatti ati gara mana kuusaa meeshaa waraanaa Mana Bosonaa sanaa ni ilaalta;+ 9 baqaqaawwan hedduu dallaa Magaalaa Daawitis ni argitu.+ Bishaanota bishaan kuufamaa isa gadiis walitti ni qabdu.+ 10 Manneen Yerusaalem ni lakkooftu, dallicha cimsuufis manneen ni jigsitu. 11 Bishaan kuufamaa isa bara durii sanaaf, dallaawwan lamaan gidduutti meeshaa bishaan itti kuusan ni tolchitu; taʼus, Uumaa ishii isa Guddaa hin ilaaltan, isa bara dheeraa dura ishii tolche sana hin argitan.
12 Guyyaa sanatti Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa,
Booʼichaa fi gadda,+
Mataa haadamee fi uffata gaddaa uffachuu ni waama.
13 Garuu, ayyaana kabajuu fi gammachuu,
Loonii fi hoolaa qaluu,
Foon nyaachuu fi daadhii wayinii dhuguutu taʼaa jira.+
‘Boru waan duunuuf, haa nyaannu, haa dhugnu.’”+
14 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedhee gurra kootti natti hime: “‘Hamma isin duutanitti balleessaan kun isiniif hin dhiifamu’+ jedha Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa.”
15 Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Gara bulchaa kanaa, gara Shebnaa+ isa manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe sanaa dhaqiitii akkana isaan jedhi: 16 ‘Bakka kanatti ofii keetiif iddoo awwaalchaa qopheeffachuuf mirga maalii qabda? Akkana akka gootu hoo eenyutu siif heyyame?’ Inni iddoo ol kaʼaa tokko irratti iddoo awwaalchaa qopheeffachaa jira; qarsaa tokko keessatti ofii isaatiif iddoo boqonnaa* qopheeffachaa jira. 17 ‘Yaa namicha nana, kunoo, Yihowaan humnaan gad si darbata; jabeessees si qaba. 18 Inni dhugumaan cimsee si maree akkuma kubbaatti gara lafa balʼaatti si darbata. Achitti ni duuta, gaariiwwan fardaa kee warri ulfina qabeeyyiin achitti ni hafu; kunis mana gooftaa keetiitiif salphina dha. 19 Ani iddoo kee irraa sin kaasa, aangoo kee irraas sin ariʼa.
20 “‘Guyyaa sanatti Eliyaaqiim+ ilma Hilqiyaa isa tajaajilaa koo taʼe nan waama; 21 uffata kee isatti nan uwwisa, sabbata kee mudhii isaatti cimsee nan hidha,+ aangoo* kees harka isaatti dabarsee nan kenna. Innis jiraattota Yerusaalemii fi mana Yihudaatiif abbaa ni taʼa. 22 Furtuu mana Daawitis+ gateettii isaa irra nan kaaʼa. Balbala inni banu namni tokko illee hin cufu; balbala inni cufus namni tokko illee hin banu. 23 Ani akka fannootti iddoo dhaabbataa irratti isa nan dhaaba; innis mana abbaa isaatiif teessoo ulfinaa ni taʼa. 24 Isaanis ulfina* mana abbaa isaa hundumaa, sanyiiwwanii fi ijoollee,* miʼawwan xixinnoo hundumaa, saaniiwwan golboo, akkasumas hubboowwan* guguddoo hundumaa isa irratti ni fannisu.
25 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Guyyaa sanatti fannoon iddoo dhaabbataa irra dhaabame sun ni buqqifama,+ muramees ni kufa; baʼaan isa irratti fannifames kufee ni caccaba; sababiin isaas, Yihowaan kana dubbateera.’”
23 Murtii waaʼee Xiiros dabarfame:+
Isin dooniiwwan Tarshiish+ gadoodaa!
Buufanni doonii balleeffameera; isatti galuun hin dandaʼamu.
Biyya Kiitim+ keessaa isaaniif ibsameera.
2 Isin yaa jiraattota biyya qarqara galaanaa, calluma jedhaa.
Daldaltoonni Siidoon+ irraa dhufan warri galaanicha ceʼan qabeenyaan si guutaniiru.
Oomishni Abbayyaa, jechuunis galiin ishii,
Bishaanota hedduu irra imalee buʼaa sabootaa ni fide.+
4 Yaa Siidoon ishii dahoo galaanichaa taate nana, qaanaʼi,
Sababiin isaas galaanichi,
“Ani hin ciniinsifanne, hin deenyes,
5 Namoonni akkuma yeroo waaʼee Gibxii dhagaʼanitti taʼan,+
Oduu waaʼee Xiiros ibsu yommuu dhagaʼanittis ni dhiphatu.+
6 Gara Tarshiishitti ceʼaa!
Isin jiraattonni qarqara galaanaa gadoodaa!
7 Magaalaan keessan ishiin yeroo dheeraa dura, bara duriitii jalqabee gammadaa turte kana dhaa?
Achi akka jiraattuuf miilli ishii gara biyya fagootti ishii geessa ture.
8 Xiiros ishii gonfoowwan kennitu,
Ishii daldaltoonni ishii bulchitoota turan,
Namoonni ishii warri waa gurguranis guutummaa lafaa irratti kabajamoo turan irratti
Inni murtoo kana dabarse eenyu?+
9 Yihowaa Gooftaa Raayyaatu murtoo kana dabarse;
Kanas kan godhe, miidhagina ishii isa ittiin boontu hundumaa gatii dhabsiisuuf,
Warra guutummaa lafaa irratti ulfina argatanii turan hundumaas salphisuufi.+
10 Yaa intala Tarshiish, akkuma Laga Abbayyaatti biyya kee keessa yaaʼii darbi.
Kana booda bakki dooniin itti hojjetamu* hin jiraatu.+
11 Inni galaanicha irratti harka isaa diriirseera;
Mootummootas sochooseera.
Yihowaan dahoowwan Fiinqee akka balleeffaman ajajeera.+
12 Innis, “Yaa intala Siidoon ishii durba taate, ishii cunqurfamte nana,
Kana booda hin gammaddu.+
Kaʼiitii gara Kiitimitti+ ceʼi.
Achitti illee boqonnaa hin argattu” jedha.
13 Biyya Kaladootaa+ ilaalaa.
Iddoo bineensonni keessa jiraatan kan ishii godhan
Asoorota+ utuu hin taʼin, Kaladoota dha.
Isaan masaraawwan waraanaa isaanii ijaaraniiru,
Masaraawwan ishii warra ciccimoo immoo qullaatti hambisaniiru,+
Tuullaa diiggaas ishii godhaniiru.
14 Isin dooniiwwan Tarshiish,
Dahoon keessan waan balleeffameef gadoodaa.+
15 Guyyaa sanatti Xiiros akkuma bara jireenyaa* mootii tokkootti waggaa 70f kan irraanfatamte ni taati.+ Xumura waggaa 70 sanaatti, Xiiros akkuma sagaagaltuu faarfannaa armaan gadii irratti ibsamtee ni taati:
16 “Yaa sagaagaltuu irraanfatamte nana, baganaa qabadhuutii magaalattii keessa naannaʼi.
Isaan akka si yaadataniif,
Baganaa kee akka gaariitti taphadhu,
Faarfannaawwan hedduus faarfadhu.”
17 Xumura waggaa 70 sanaatti, Yihowaan xiyyeeffannaa isaa gara Xiirositti ni deebisa; ishiinis gara gatii ishiitti deebitee mootummoota addunyaa warra lafa irratti argaman hundumaa wajjin ni sagaagalti. 18 Haa taʼu malee, buʼaan ishii fi gatiin ishii Yihowaadhaaf qulqulluu ni taʼa. Isaan hamma quufanitti akka nyaatanii fi uffata miidhagaa akka uffataniif, gatiin ishii warra Yihowaa dura jiraataniif taʼa malee, walitti hin qabamu yookiin hin kuufamu.+
24 Kunoo, Yihowaan biyyattii* duwwaa fi ona gochaa jira.+
Ishii ni gombisa,*+ jiraattota ishiis ni bittinneessa.+
2 Tokkoon tokkoon namaa irra jechuunis,
Uummatichaa fi lubicha irra,
Tajaajilaa fi gooftaa isaa irra,
Tajaajiltuu fi giiftii ishii irra,
Isa bituu fi isa gurguru irra,
Isa ergisuu fi isa ergifatu irra,
Isa liqeessuu fi isa liqeeffatu irra wantuma wal fakkaatutu gaʼa.+
3 Biyyattiin guutummaatti duwwaa ni taati;
Yihowaan kana waan dubbateef,
Biyyattiin guutummaatti ni saamamti.+
4 Biyyattiin gaddaa* jirti,+ badaa jirtis.
Lafti oomisha kennitu coolligaa fi dhumaa jirti.
Namoonni biyyattii warri beekamoo taʼan xiqqaachaa jiru.
5 Jiraattonni biyyattii,
Seerawwan irra darbuudhaan,+
Dambiiwwan jijjiiruudhaan,+
Akkasumas kakuu dhaabbataa* cabsuudhaan+ biyyattii faalaniiru.+
6 Abaarsi biyyattii kan nyaatu,+
Jiraattonni ishiis yakkamtoota kan taʼan kanaafi.
Jiraattonni biyyattii kan xiqqaatan,
Namoonni baayʼee muraasa taʼanis kan hafan kanaafi.+
7 Daadhiin wayinii haaraan ni gadda,* mukti wayiniis ni coolliga,+
Warri garaa isaaniitti gammadan hundis aadaa jiru.+
8 Gammachuun dibbee badeera;
Sagaleen warra wacanii xumurameera;
Sagaleen gammachuu baganaa dhaabbateera.+
9 Isaan bakka sirbi hin jirretti daadhii wayinii dhugu,
Dhugaatiin alkooliis warra dhuganitti ni hadhaaʼa.
10 Magaalaan onte sun diigamteetti;+
Eenyu illee itti seenuu akka hin dandeenyetti, tokkoon tokkoon manaa cufameera.
11 Isaan daadhii wayinii argachuuf daandiiwwan irratti ni iyyu.
Gammachuun hundi badeera;
Gammachuun biyyattii irraa fagaateera.+
12 Magaalattiin tuullaa diiggaa taateetti;
Karrichis caccabee tuullaa diiggaa taʼeera.+
13 Biyyattii keessatti, sabicha gidduutti akkana taʼa:
Sabichi akkuma firii isa yeroo mukti ejersaa rukutamee harcaafamutti+ hafuu,
Akkuma qaarmii isa yeroo wayiniin sassaabamee xumuramutti hafuus ni taʼa.+
14 Isaan sagalee isaanii ol ni kaasu,
Ni ililchus.
Isaan galaanicha* irraa ulfina Yihowaa ni labsu.+
15 Isaan naannoo ifaa* keessatti Yihowaadhaaf ulfina kan kennan kanaafi;+
Odolawwan galaanichaa keessatti maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif ulfina ni kennu.+
16 Nuti andaara lafaa irraa faarfannaa,
“Isa Qajeelaa taʼe sanaaf ulfinni* haa taʼu!”+ jedhu ni dhageenya.
Ani garuu akkana nan jedhe: “Ani bututeera, ani bututeera!
Anaaf wayyoo! Gantoonni gantummaa raawwataniiru;
Gantoonni, gantummaadhaan gantummaa raawwataniiru.”+
17 Yaa isa biyyattii keessa jiraattu nana, naasuun, boollii fi kiyyoon si eeggata.+
18 Namni sagalee naasisu jalaa baqatu kam iyyuu boolla keessatti kufa,
Namni boolla keessaa baʼu kam iyyuu kiyyoodhaan ni qabama.+
Sababiin isaas, karrawwan bishaanii ol gubbaa jiran ni banamu,
Buʼuurawwan lafaas ni kirkiru.
20 Lafti akkuma nama machaaʼeetti ni gatantarti,
Akkuma godoo bubbeedhaan raafamuuttis asii fi achi ni raafamti.
Yakki ishii akka malee ishiitti ulfaateera,+
Lammata akka hin kaanettis ni kufti.
21 Guyyaa sanatti Yihowaan xiyyeeffannaa isaa gara raayyaa isa ol gubbaa jiruutti,
Gara mootota lafaa warra lafa irratti argamaniittis ni deebisa.
22 Akkuma hidhamtoonni boolla keessatti walitti qabamanitti,
Isaanis walitti ni qabamu,
Mana hidhaa keessattis isaan irratti ni cufama;
Guyyoota hedduu boodas xiyyeeffannaan isaaniif ni kennama.
23 Addeessi guutuun ni qaanofti,
Aduun iftus ni salphatti,+
Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaan Raayyaa Gaara Xiyoon+ irrattii fi Yerusaalem keessatti Mootii taʼeera,+
25 Yaa Yihowaa, ati Waaqa koo ti.
Ol sin qaba, maqaa kees nan jajadha,
Sababiin isaas, ati wantoota dinqisiisoo raawwatteetta;+
Bara duriitii jalqabee
2 Ati magaalaa gara tuullaa dhagaatti,
Magaalaa dallaa dhagaa qabdus gara tuullaa diiggaatti jijjiirteetta.
Masaraan namoota biyya ormaa kana booda magaalaa hin taʼu,
Matumaas deebiʼee hin ijaaramu.
3 Uummanni cimaan ulfina kan siif kennu kanaafi;
Magaalaan saboota cunqursitoota taʼaniis si sodaatti.+
4 Sababiin isaas, ati isa rakkataadhaaf dahoo taateetta;
Isa hiyyeessaafis yeroo dhiphina isaatti dahoo,+
Yeroo yandootti iddoo kooluu itti galan,
Yeroo hoʼaattis gaaddisa taateetta.+
Dheekkamsi cunqursitootaa akkuma yandoo dallaatti rukutamuu yeroo taʼetti ati dahoo taateetta.
5 Ati akkuma hoʼa lafa gogaa keessa jiruutti,
Waca namoota biyya ormaa ni qabbaneessita.
Akkuma hoʼi gaaddisa duumessaatiin qabbanaaʼutti,
Faarfannaan cunqursitootaas cal jechisiifameera.
6 Yihowaan Gooftaan Raayyaa gaara kana+ irratti saboota hundumaatiif,
Affeerraa nyaatawwan gaggaarii,+
Daadhii wayinii baʼeessaa fi
Nyaatawwan gaggaarii dhuka lafeetiin guutaman,
Akkasumas affeerraa daadhii wayinii baʼeessaa fi calalameen guutame ni qopheessa.
7 Inni gaara kana irratti kafana namoota hundumaa haguuge,
8 Inni bara baraaf duʼa ni liqimsa,*+
Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan fuula hundumaa irraa imimmaan ni haqa.+
Guutummaa lafaa irraa arrabsoo saba isaa irra jiru ni balleessa,
Yihowaan kana dubbateera.
9 Guyyaa sanatti isaan akkana jedhu:
“Kunoo, Waaqni keenya isa kana!+
Kun Yihowaa dha!
Nuti isa abdanneerra.
Fayyina karaa isaatiin argamuuf haa gammannu, haa ililchinus.”+
10 Harki Yihowaa gaara kana irra ni buufata,+
Akkuma citaan tuullaa dikee irratti dhidhiitamutti,
Moʼaabis iddoo ishii irratti ni dhidhiitamti.+
11 Akkuma namni bishaan daaku tokko bishaan daakuuf harka isaatiin rukututti,
Innis harka isaatiin ishii ni rukuta;
Harka isaa beekumsaan sochoosuudhaanis
Of tuulummaa ishii ni balleessa.+
12 Inni magaalaa dallaa dhagaa qabdu
Dallaawwan eegumsaa kee warra dhedheeroo taʼanii wajjin ni kuffisa;
Lafaan dhaʼees biyyootti ishii dabala.
26 Guyyaa sanatti faarfannaan kun biyya Yihudaa keessatti ni faarfatama:+
“Magaalaa cimtuu qabna.+
Inni fayyinni dallaawwan ishii fi dallaawwan ittisaa ishii akka taʼu godha.+
2 Sabni qajeelaan,
Sabni amanamummaa isaa eegu akka seenuuf karrawwan banaa.+
3 Ati warra guutummaatti sitti hirkatan* ni eegda;
Isaan waan sitti amanamaniif,+
Nagaa wal irraa hin cinne isaaniif ni kennita.+
5 Sababiin isaas, inni warra magaalaa ol gubbaatti argamtu keessa jiraatan gad buuseera.
Inni gad ishii buuseera,
Gara lafaatti gad ishii buuseera,
Biyyoo irrattis ishii gateera.
6 Ishiin miilaan ni dhidhiitamti,
Miilli isa cunqurfamee, faanni warra rakkatoo taʼaniis ishii ni dhidhiita.”
7 Daandiin nama qajeelaa sirrii* dha.
Ati qajeelaa waan taateef,
Daandii nama qajeelaa wal ni qixxeessita.
8 Yaa Yihowaa, yeroo daandii murtiiwwan keetii hordofnutti,
Nuti si abdanna.
Maqaa keetiif bakka guddaa kennina, yeroo itti yaadatamu arguufis ni hawwina.*
9 Guutummaan eenyummaa kootii* halkan si hawwa,
Eeyyee, hafuurri koo yeroo hunda si eeggata;+
Yommuu ati lafaaf murtii kennitutti
Jiraattonni lafa irraa waaʼee qajeelummaa ni baratu.+
10 Namni hamaan gaarummaan yoo isatti argisiifame illee,
Qajeelummaa hin baratu.+
11 Yaa Yihowaa, harki kee ol kaʼeera, isaan garuu isa hin argan.+
Isaan hinaaffaa saba keetiif qabdu arganii ni qaanaʼu.
Eeyyee, ibiddi diinota keetiif qopheessite isaan ni nyaata.
12 Yaa Yihowaa, ati nagaa nuuf kennita,+
Sababiin isaas, wanta raawwanne kam iyyuu
Situ fiixaan nuuf baase.
13 Yaa Waaqa keenya Yihowaa, gooftolii kan biroonis nu bulchaniiru,+
Nuti garuu maqaa kee qofa waammanna.+
14 Isaan duʼaniiru; lubbuudhaanis hin jiraatan.
Duʼaan moʼamaniiru, hin kaʼanis.+
Sababiin isaas, ati haxooftee isaan balleessuu fi maqaan isaanii lammata akka hin dhaʼamne gochuuf
Xiyyeeffannaa kee gara isaaniitti deebisteetta.
Daangaawwan biyyattii hundumaas baayʼee balʼisteetta.+
16 Yaa Yihowaa, isaan yeroo dhiphinaatti gara keetti ni deebiʼan;
Yeroo isaan adabdettis sagalee isaanii gad qabanii kadhannaa isaanii garaadhaa ni dhangalaasan.+
17 Yaa Yihowaa, akkuma dubartiin ulfaa yeroo daʼuuf jettutti
Ciniinsifattuu fi dhiphattee iyyitutti,
Nutis sababa keetiin akkasuma taane.
18 Ni ulfoofne, ni ciniinsifannes,
Garuu akkuma waan qilleensa deenyee taane.
Nuti biyyattiidhaaf fayyina hin fidne,
Biyyattii keessa jiraachuufis namni dhalate tokko illee hin jiru.
19 “Namoonni kee warri duʼan deebiʼanii ni jiraatu.
Isin warri biyyoo keessa jiraattan,+
Dammaqaa, ililchaas!
Sababiin isaas, fixeensi kee akkuma fixeensa ganamaa ti,*
Laftis warri duʼaan moʼaman gara jireenyaatti akka deebiʼan ni gooti.*
21 Sababiin isaas, balleessaa isaaniitiif jiraattota lafaa adabuuf
Kunoo, Yihowaan iddoo isaatii dhufaa jira,
Lafattiinis dhiiga ishii irratti dhangalaʼe ni saaxilti,
Warra ishii irratti ajjeefamanis kana booda hin dhoksitu.”
27 Guyyaa sanatti Yihowaan goraadee isaa isa hamaa, isa guddaa fi isa cimaa taʼe qabatee+
Xiyyeeffannaa isaa gara Lewaataan,* bofa isa loʼutti,
Gara Lewaataan, bofa isa maramutti deebisee
Uumama guddaa isa galaana keessa jiru ni ajjeesa.
2 Guyyaa sanatti akkana jedhaatii ishiidhaaf* faarfadhaa:
“Maasii wayinii ishii daadhii wayinii danfu argamsiistu!+
3 Ani Yihowaan ishii nan eega.+
Yeroo hundumaa bishaan nan obaasa.+
Eenyu iyyuu akka ishii hin miineef,
Halkanii fi guyyaa ishii nan eega.+
4 Ani kana booda ishiitti hin aaru.+
Waraanicha irratti harangamaa fi aramaa qabatee kan natti dhufu eenyu?
Hunduma isaanii nan dhidhiita, ibiddaanis nan guba.
5 Kanaafuu, inni dahoo koo keessa haa seenu.
Anaa wajjin nagaa haa uumu;
Eeyyee, anaa wajjin nagaa haa uumu.”
6 Guyyoota dhufanitti Yaaqoob hidda ni baafata,
Israaʼel ni daraara, ni latas,+
Isaanis biyyattii oomishaan ni guutu.+
7 Inni rukuttaa isa isa rukutu sanaatiin rukutamuu qabaa?
Akkuma warra isa jalaa ajjeefaman sanaatti hoo ajjeefamuu qabaa?
8 Ati yommuu ishii ergitutti iyya nama naasisuun ishii ni falmita.
Guyyaa bubbee bahaatti inni bubbee cimaadhaan ishii ni ariʼa.+
9 Akka kanaan balleessaan Yaaqoob isaaf ni dhiifama,+
Yommuu cubbuun isaa irraa kaafamuttis kun firii isaa isa guutuu ni taʼa:
Inni dhagoota iddoo aarsaa hundumaa,
Akkuma dhagaa nooraa bulleeffamee ni godha,
Utubaawwan waaqeffannaa* yookiin miʼawwan ixaana itti aarsan keessaa tokko illee hin hafu.+
10 Sababiin isaas, magaalaan dallaa dhagaa qabdu ni onti;
Iddoowwan dheedichaas akkuma lafa onaatti kan dhiifamanii fi kan irraanfataman ni taʼu.+
Achitti jabbiin ni dheeda, ni ciisa,
Dameewwan ishiis ni nyaata.+
11 Yommuu latiiwwan ishii goganitti,
Dubartoonni dhufanii
Cabsanii isaan bobeessu.
Sababiin isaas, sabni kun hubannaa hin qabu.+
Uumaan isaanii gara laafina kan isaanitti hin argisiisne,
Inni isaan tolche gaarummaa kan isaanitti hin argisiisne kanaafi.+
12 Guyyaa sanatti Yihowaan Laga* isa yaaʼu irraa jalqabee hamma Laga Gogaa* Gibxiitti+ firicha ni hurgufa; yaa saba Israaʼel, isinis tokko tokkoon walitti ni qabamtu.+ 13 Guyyaa sanatti xurumbaa* guddaan tokko ni afuufama;+ warri biyya Asoor+ keessatti balleeffamuu jala gaʼanii turanii fi warri biyya Gibxii+ keessa faffacaʼan dhufanii gaara qulqulluu Yerusaalem keessa jiru irratti Yihowaadhaaf ni sagadu.+
28 Gonfoo* machooftuuwwan Efreem+ ishii na argaa na argaa jettuuf,*
Akkasumas, abaaboo coolligaa faaya miidhaginaa ishii taʼe,
Isa mataa lafa gabbataa sululichaa kan warra daadhii wayiniitiin moʼamanii taʼe irra jiruuf wayyoo!
2 Kunoo, Yihowaan nama cimaa fi jabaa taʼe tokko qaba.
Innis akkuma bokkaa cabbii bubbee fi kakawwee qabuutti, akkuma obomboleettii badiisa geessisuutti,
Akkuma bubbee kakawwee qabuu fi lolaa cimaa geessisuutti,
Humnaan gara lafaatti ishii ni darbata.
3 Gonfoowwan na argaa na argaa jedhanii* fi kan namoota Efreem warra machooftuu sanaa taʼan
Faana jalatti ni dhidhiitamu.+
4 Abaaboo coolligaan faaya miidhaginaa ishii taʼe,
Inni mataa lafa gabbataa sululichaa irra jiru,
Akkuma harbuu isa duraa isa bonni gaʼuu isaa dura argamuu ni taʼa.
Namni tokko yommuu isa argutti, akkuma harka isaa keessa galeen isa ni liqimsa.
5 Guyyaa sanatti Yihowaan Gooftaan Raayyaa saba isaa keessaa warra hafaniif gonfoo ulfinaa fi gonfoo abaaboo miidhagaa ni taʼa.+ 6 Inni isa murtiidhaaf taaʼu sanaaf hafuura haqaa, warra diinonni karricha akka hin haleelle dhowwan sanaafis madda jabinaa ni taʼa.+
7 Namoonni kunis daadhii wayiniitiin kan kaʼe karaa irraa ni goru,
Dhugaatiin alkoolii isaaniis isaan gatantarsa.
Lubnii fi raajiin dhugaatii alkooliitiin kan kaʼe karaa irraa ni goru;
Daadhiin wayinii isaan burjaajessa,
Dhugaatii alkoolii isaaniitiin kan kaʼes ni gatantaru;
Mulʼanni isaanii karaa irraa isaan jalʼisa,
Murtii irrattis ni gufatu.+
8 Maaddiin isaanii hooqqisa jibbisiisaadhaan guutameera,
Bakki hooqqisa sana irraa walaba taʼes hin jiru.
9 Inni beekumsa kan kennu eenyuufi?
Ergicha kan ibsu hoo eenyuufi?
Warra reefuu aannan dhiisaniif,
Warra reefuu harma guʼaniifii?
10 Sababiin isaas, inni “ajaja irratti ajaja, ajaja irratti ajaja,
Dambii irratti dambii, dambii irratti dambii,*+
Asitti muraasa, achitti muraasa” dha.
11 Kanaafuu, inni namoota yommuu dubbatan giingaʼanittii* fi afaan biyya ormaatti fayyadamee saba kanatti ni dubbata.+ 12 Inni yeroo tokko, “Kun bakka boqonnaa ti. Inni dadhabe haa boqotu; kun bakka aara galfii ti” jedhee ture, isaan garuu dhagaʼuu didan.+ 13 Kanaafuu, dubbiin Yihowaa,
“Ajaja irratti ajaja, ajaja irratti ajaja,
Dambii irratti dambii, dambii irratti dambii,*+
Asitti muraasa, achitti muraasa” isaanitti taʼa;
Kanaan kan kaʼes, isaan yommuu deeman
Gufatanii duubatti ni kufu,
Ni cabu, kiyyoo keessa ni galu, ni qabamus.+
14 Isin warri of jajjan,
Isin bulchitoonni saba Yerusaalem dubbii Yihowaa dhagaʼaa;
15 Sababiin isaas, isin akkana jettu:
Soba dahoo waan godhanneef,
Dhara keessas waan dhokanneef,+
Lolaa cimaan yommuu darbutti
Nu bira hin gaʼu.”
16 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
“Kunoo, ani Xiyoon keessa dhagaa qorame+ tokko buʼuura godhee nan kaaʼa;
Inni dhagaa golee gatii guddaa qabuu+ fi buʼuura+ amansiisaa taʼe dha.
Namni isatti amanu kam iyyuu hin rifatu.+
Cabbiin dahoo sobaa haxaaʼee ni balleessa,
Bishaanonnis iddoo dhokannaa ni liqimsu.
18 Kakuun Duʼaa wajjin galtan ni diigama,
Walii galteen Awwaalaa* wajjin gootanis jabaatee hin dhaabbatu.+
Lolaa cimaan yommuu darbuttis
Isin ni balleessa.
19 Inni yeroo darbu hundumaatti,
Haxaaʼee isin balleessa;+
Sababiin isaas, inni ganama ganama,
Akkasumas guyyaa fi halkan ni darba.
Ergaa sana akka hubatan kan isaan godhu naasuu qofa dha.”*
20 Akka irratti hin diriirfanneef sireen sun baayʼee gabaabaa dha,
Akka ofitti hin marreefis huccuun sun baayʼee dhiphoo dha.
21 Sababiin isaas, Yihowaan gocha isaa, eeyyee, gocha isaa isa keessummaa taʼe,
Hojii isaa, eeyyee, hojii isaa isa baramaa hin taane raawwachuuf,+
Akkuma Gaara Peraaziim irratti kaʼetti,
Akkuma sulula* isa Gibeʼon biratti argamu keessatti kaʼettis ni kaʼa.+
22 Hidhaan keessan caalaatti akka isinitti hin jabeeffamneef,
Amma hin qoosinaa,+
Sababiin isaas, ani guutummaa biyyattii* irratti badiisni akka dhufu murteeffamuu isaa
Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaa Gooftaa Raayyaa irraa dhagaʼeera.+
23 Gurra keessan as qabaatii sagalee koo dhagaʼaa;
Wantan dubbadhuuf xiyyeeffannaa kennaa, dhaggeeffadhaas.
24 Namni qotu tokko guyyaa guutuu qotaa oolaa? Sanyii hoo hin facaasuu?
Utuu wal irraa hin kutin lafa isaa laaffisuu fi bulleessuu irratti qofa xiyyeeffataa?+
25 Lafa sana erga laaffisee booda,
Abasuuda gurraachaa fi kamuunii irratti hin facaasuu?
Qamadii, bisingaa fi garbuus iddoo iddoo isaaniitti hin facaasuu?
Omborii*+ hoo qarqara isaatti naannessee hin facaasuu?
27 Abasuudni gurraachi konkolaataa* ittiin midhaan siribsiisaniin hin caccabsamu,+
Geengoon gaariis kamuunii irra hin oofamu.
Kanaa mannaa, abasuudni gurraachi uleedhaan,
Kamuuniinis mukaan cagadama.
28 Namni tokko yeroo midhaan dhaʼu, daabboo tolchuuf akka taʼutti midhaan sana ni bulleessaa?
Lakki, inni utuu wal irraa hin kutin midhaan sana hin dhaʼu;+
Yommuu fardeen isaatiin geengoo gaarii isaa irra oofuttis,
Midhaan sana hin caccabsu.+
29 Kunis Yihowaa Gooftaa Raayyaa,
Isa gorsi* isaa dinqisiisaa taʼe,
29 “Ariʼeeliif,* magaalaa Ariʼeel ishii Daawit keessa buufatee+ ture sanaaf wayyoo!
Waggaa waggaadhaan itti fufaa;
Ayyaanonni+ kabajamuu isaanii itti haa fufan.
2 Ani garuu Ariʼeel irratti dhiphina nan fida,+
Gaddii fi booʼichi ni jiraata,+
Ishiinis anaaf akkuma bakka ibiddaa iddoo aarsaa Waaqayyoo ni taati.+
3 Ani kallattii hundumaatiin naannoo kee nan buufadha,
Muka qaramaa sitti marsee nan dhaaba,
Sitti naannessees dallaa nan ijaara.+
4 Atis gad ni buufamta;
Lafa irraa ni dubbatta,
Wanti dubbattus awwaaraan ni ukkaamama.
Sagaleen kee akkuma sagalee eker dubbistuutti
Lafa irraa ni dhagaʼama,+
Dubbiin kees akkuma asaasa awwaara keessaa dhagaʼamuu ni taʼa.
5 Tuutni diinota keetii* akkuma daakuu bullaaʼaa ni taʼa,+
Tuutni cunqursitootaas akkuma habaqii qilleensi fudhatuu ni taʼa.+
Kunis akkuma tasaa dafee ni raawwatama.+
6 Yihowaan Gooftaan Raayyaa
Kakawweedhaan, kirkira lafaa fi sagalee guddaadhaan,
Obomboleettiidhaan, bubbee fi labooba ibiddaa gubuun xiyyeeffannaa siif ni kenna.”+
7 Yeroo sanatti saboonni Ariʼeel irratti waraana banan hundi,+
Jechuunis warri ishii irratti waraana banan hundi,
Masaraawwan warri ishii haleeluuf ijaaraman,
Namoonni ishii dhiphisanis,
Akkuma abjuu, akkuma mulʼata halkanii ni taʼu.
8 Eeyyee, haalli isaa akkuma namni beelaʼe tokko abjuu isaatti nyaachaa turee,
Yeroo hirribaa dammaqutti garuu beela keessa* jiruu,
Akkuma namni dheebote tokko abjuu isaatti dhugaa turee,
Yeroo hirribaa dammaqutti garuu dadhabbii fi dheebuu keessa* jiruus ni taʼa.
Guutummaa sabootaa
Warra Gaara Xiyoon irratti waraana banan irratti akkanuma ni taʼa.+
Isaan machaaʼaniiru, garuu daadhii wayiniitiin miti;
Gatantaraa jiru, garuu dhugaatii alkooliitiin miti.
10 Sababiin isaas, Yihowaan hafuura hirriba cimaa isin irratti dhangalaaseera;+
Inni raajota warra ija keessan taʼan jaamseera,+
Namoota mulʼata argan warra mataa keessan taʼanis haguugeera.+
11 Mulʼanni hundi isiniif akkuma dubbii kitaaba saamsame keessa jiruu ti.+ Isaan, “Maaloo, sagalee kee ol kaasiitii kana dubbisi” jedhanii kitaabicha nama dubbisuu dandaʼutti yommuu kennan, “Kan saamsame waan taʼeef, ani dubbisuu hin dandaʼu” isaaniin jedha. 12 Isaan, “Maaloo, kana dubbisi” jedhanii kitaabicha nama dubbisuu hin dandeenyetti yommuu kennanis, “Ani matumaa dubbisuu hin dandaʼu” isaaniin jedha.
13 Yihowaan akkana jedha: “Sabni kun afaan isaatiin natti dhihaata,
Hidhii isaatiinis ulfina naaf kenna,+
Garaan isaa garuu ana irraa baayʼee fagoo dha;
Kan na sodaatus ajaja namootaa isa barate irratti hundaaʼee ti.+
14 Kanaafuu, saba kana irratti ammas wanta dinqisiisaa kan raawwatu,+
Dinqii irratti dinqii kan raawwatus ana dha;
Ogummaan namoota isaanii warra ogeeyyii taʼanii ni bada,
Hubannaan namoota isaanii warra hubatoo taʼaniis kan dhokfame ni taʼa.”+
15 Warra karoora* isaanii Yihowaa jalaa dhoksuuf karaa dheeraa deemaniif wayyoo.+
Isaan, “Eenyutu nu arga?
Eenyutu waaʼee keenya beeka?” jechaa,
Hojii isaanii dukkana keessatti hojjetu.+
16 Jalʼinni keessan akkam guddaa dha!
Suphe dhooftuun akkuma supheetti ilaalamuu qabaa?+
Wanti tolfame tokko waaʼee isa isa tolche sanaa,
“Inni na hin tolchine” jechuu qabaa?+
Wanti bocame tokko waaʼee isa isa boce sanaa,
“Inni hubannaa hin qabu” ni jedhaa?+
17 Yeroo gabaabaa keessatti, Libaanon gara maasii fuduraatti ni jijjiiramti,+
Maasiin fuduraa sunis akka bosonaatti ni ilaalama.+
18 Guyyaa sanatti warri gurri isaanii duude dubbii kitaabichaa ni dhagaʼu,
Ijji namoota jaamaas dimimmisaa fi dukkana keessaa ni arga.+
19 Warri garraamiin akka malee Yihowaatti ni gammadu,
Hiyyeeyyiin namoota gidduutti argamanis Isa Qulqulluu kan Israaʼelitti ni gammadu.+
20 Sababiin isaas, inni cunqursu hin jiraatu,
Inni of tuulu ni bada,
Warri wanta hamaa raawwachuuf dammaqanii eegan hundis ni balleeffamu;+
21 Warri dubbii sobaatiin warra kaan yakkamtoota godhan,
Warri isa karra magaalattii irratti falmatuuf* kiyyoo kaaʼan,+
Warri falmii duwwaa taʼeen nama qajeelaa haqa dhowwatanis ni balleeffamu.+
22 Kanaafuu, Yihowaan inni Abrahaamiin fure+ mana Yaaqoobiin akkana jedha:
23 Sababiin isaas, inni ijoollee isaa
Warra hojii harka kootii taʼanii fi gidduu isaatti argaman yommuu ilaalutti,+
Isaan maqaa koo ni qulqulleessu;
Eeyyee, isaan Isa Qulqulluu kan Yaaqoob ni qulqulleessu,
Waaqa Israaʼeliifis kabaja guddaa ni kennu.+
24 Warri daandii irraa goran hubannaa ni argatu,
Warri gungumanis barumsa ni fudhatu.”
30 Yihowaan akkana jedha: “Ilmaan mata jabeeyyii taʼan,+
Warra cubbuu irratti cubbuu dabaluuf jedhanii
Karoora isa kan koo hin taane raawwataniif,+
Akkasumas hafuura kootiin alatti michummaa uumaniif* wayyoo.
2 Isaan eegumsa* Faraʼoon jalatti gaaddisa argachuuf,
Gaaddidduu Gibxii jalattis dahoo argachuuf,
3 Eegumsi Faraʼoon irraa argamu qaanii,
Dahoon gaaddidduu Gibxii jalatti argamus salphina isinitti fida.+
4 Sababiin isaas, bulchitoonni isaa Zoʼaan+ keessa jiru,
Ergamtoonni isaas Hanees bira gaʼaniiru.
5 Saba faayidaa isaaniif argamsiisuu hin dandeenyeen,
Warra isaan gargaaruu fi isaan fayyaduu hin dandeenyeen,
Kanaa mannaa, warra qaanii fi salphina qofa isaanitti fidaniin
Hundi isaanii iyyuu ni qaaneffamu.”+
6 Murtii bineensota kibbaa irratti dabarfame:
Isaan qabeenya isaanii dugda harrootaa,
Miʼawwan isaaniis gooba gaalotaa irratti feʼanii,
Biyya dhiphinnii fi rakkinni,
Biyya leenci, jechuunis leenci baroodu,
Biyya buutiin, akkasumas biyya bofti barrisuu fi ibidda baasu* keessatti argamu keessa ni deemu.
Taʼus wantoonni kun sabicha hin fayyadan.
7 Sababiin isaas, gargaarsi Gibxii homaa faayidaa hin qabu.+
Kanaafuu ani, “Rahaab,+ ishii hojii malee akkanumaan teessu” jedhee ishii nan waame.
8 “Inni guyyaa gara fuulduraatiif
Ragaa dhaabbataa akka taʼutti,+
Dhaqiitii isaan duratti gabatee irratti barreessi,
Kitaaba keessattis isa galmeessi.+
10 Isaan warra mulʼata arganiin, ‘Mulʼata hin ilaalinaa’ jedhu.
Raajotaanis akkana jedhu: ‘Mulʼata dhugaa nutti hin himinaa.+
Wanta nu gammachiisu* nutti himaa; abjuu sobaas nuuf ilaalaa.+
11 Karaa isa sirrii irraa goraa; daandii isa sirrii irraa maqaa.
Isa Qulqulluu kan Israaʼel nu dura kaaʼuu keessan dhiisaa.’”+
12 Kanaafuu, Inni Qulqulluun kan Israaʼel akkana jedha:
“Isin dubbii kana tuffattanii+
Gowwoomsaa fi sobatti waan amanamtaniif,
Wantoota kana irrattis waan hirkattaniif,+
13 Balleessaan kun akka dallaa baqaqee,
Akka dallaa dheeraa jiguuf jedhuus isinitti ni taʼa.
Inni akkuma tasaa dafee ni jiga.
14 Akkuma hubboo guddaatti ni caccaba,
Guutummaatti waan caccabuufis qiraaciin
Iddoo ibiddaatii ibidda fudhachuuf
Yookiin bishaan kuufamaa* keessaa bishaan budduqsuuf oolu illee isa irraa hin argamu.”
15 Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan, Inni Qulqulluun kan Israaʼel,
“Isin gara kootti deebiʼuu fi boqochuudhaan ni ooltu;
Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaanis jabina ni argattu”+ jedha.
Isin garuu tole hin jenne.+
16 Kanaa mannaa, “Hin taʼu, fardeeniin ni baqanna!” jettan.
Kanaafuu, isin ni baqattu.
“Fardeen saffisa qabaniinis ni gulufna!”+ jettan.
Kanaafuu, warri isin ariʼan saffisa ni qabaatu.+
17 Doorsisa nama tokkootiin namni kumni ni romʼa;+
Akkuma utubaa fiixee gaaraa irra jiruu,
Akkuma jirma mallattoo tabba irra jiruus taatanii hamma haftanitti,
Isin doorsisa namoota shaniitiin ni baqattu.+
18 Yihowaan garuu gaarummaa isinitti argisiisuuf obsaan* eegaa jira,+
Gara laafina isinitti argisiisuufis ni kaʼa.+
Sababiin isaas, Yihowaan Waaqa haqa qabeessa taʼe dha.+
Warri abdiidhaan* isa eeggatan hundi gammadoo dha.+
19 Sabichi Xiyoon keessa, jechuunis Yerusaalem keessa yommuu jiraatu+ ati matumaa hin boossu.+ Ati yommuu gargaarsa argachuuf iyyitu, inni dhugumaan gaarummaa sitti ni argisiisa; iyya kee akkuma dhagaʼeenis deebii siif ni kenna.+ 20 Yihowaan nyaata dhiphinaa fi bishaan cunqursaa kan isiniif kennu yoo taʼe illee,+ Barsiisaan kee Inni Guddichi kana booda si duraa hin dhokatu; atis ijuma keetiin Barsiisaa kee Isa Guddicha+ ni argita. 21 Ati gara mirgaatti yookiin gara bitaatti yoo gorte,+ duuba keetiin gurri kee sagalee, “Karichi isa kana.+ Isa irra deemaa” jedhu ni dhagaʼa.
22 Atis meetii fakkiiwwan kee warra bocamanitti uwwifamee fi warqii siidaawwan sibiilaa kee* irratti maxxanfame ni xureessita.+ Akkuma huccuu laguutti isaan gattee, “Asii badaa!”* isaaniin jetta.+ 23 Innis sanyii ati lafa irratti facaasteef bokkaa siif ni roobsa;+ nyaanni lafattii irraa argamus hedduu fi baʼeessa* ni taʼa.+ Guyyaa sanatti horiin kee iddoo dheedichaa balʼaa taʼe keessa ni dheedu.+ 24 Loonii fi harroonni laficha qotanis gafara miʼeeffamee qophaaʼe isa laayidaa* fi qoorbiidhaan* qulqulleeffame ni nyaatu. 25 Guyyaa namoonni hedduun ajjeefamanitti yommuu masaraawwan jiganitti, gaara dheeraa hundumaa irrattii fi tabba dheeraa hundumaa irratti lageenii fi boʼoowwan bishaanii ni jiraatu.+ 26 Ifni addeessa guutuu akkuma ifa aduu ni taʼa; guyyaa Yihowaan caba saba isaa hidhuttii+ fi madaa cimaa rukuttaa isaatiin isaanitti dhufe fayyisutti,+ ifni aduu akkuma ifa guyyaa torbaatti dachaa torba cimaa ni taʼa.+
27 Kunoo, maqaan Yihowaa
Dheekkamsa isaatiin gubaa, akkasumas duumessa cimaadhaan marfamee fagoodhaa dhufaa jira.
Afaan isaa dheekkamsaan guutameera,
Arrabni isaas akkuma ibidda gubuu ti.+
28 Hafuurri isaa akkuma lolaa morma bira gaʼuu ti,
Inni saboota gingilchaa badiisaatiin* ni gingilcha;
Mangaagaa namootaa keessas luugamni karaa irraa isaan jalʼisu ni jiraata.+
29 Haa taʼu malee, faarfannaan keessan akkuma faarfannaa
Yeroo ayyaanaaf qophooftaniitti*+ halkan faarfatamu sanaa ni taʼa;
Garaan keessanis akkuma nama
Gara gaara Yihowaa isa Qarsaa Israaʼel+ taʼe sanaa
Ulullee qabatee* deemuutti ni gammada.
30 Yihowaan sagaleen+ isaa inni ulfina qabeessa taʼe akka dhagaʼamu ni godha,
Inni labooba ibiddaa gubuun,+
Bokkaa yandoodhaan,+ bubbee kakawwee qabuu fi cabbii guguddaadhaan+
Irreen isaa+ aarii guddaadhaan+ yommuu gad buʼu ni argisiisa.
32 Yommuu Yihowaan waraana irratti irree isaa isaan irratti kaasutti+
Uleen adabaa isaa
Asoor irratti yeroo dhufu hundumaatti,
Dibbeenii fi baganaan ni rukutama.+
Inni iddoo tuullaa qoraanii gad fagoo fi balʼaa taʼe,
Akkasumas ibiddaa fi qoraan hedduu qopheesseera.
Hafuurri Yihowaa akkuma lolaa dinyiitti
Ibidda isatti ni qabsiisa.
31 Warra gargaarsa argachuuf gara Gibxiitti gad buʼaniif,+
Warra fardeenitti abdataniif,+
Warra gaariiwwan fardaa hedduu taʼanitti,
Fardeen waraanaa* ciccimoo taʼanittis amanamaniif wayyoo.
Haa taʼu malee, isaan Isa Qulqulluu kan Israaʼel hin eeggatan,
Akkasumas Yihowaa hin barbaaddatan.
2 Inni garuu ogeessa dha, badiisas ni fida,
Wanta dubbate raawwachuu irraas duubatti hin jedhu.
Inni mana warra hammina raawwatanii irratti,
Warra namoota balleessaa raawwatan gargaaran irrattis ni kaʼa.+
3 Warri Gibxii garuu namoota malee Waaqa miti;
Fardeen isaaniis fooni malee hafuura miti.+
Yommuu Yihowaan harka isaa diriirsutti,
Inni gargaarsa kennu kam iyyuu ni gufata
Inni gargaarsa argatu kam iyyuus ni kufa,
Hundi isaanii takkaatti ni badu.
4 Sababiin isaas, Yihowaan akkana naan jedheera:
“Akkuma leenci, leenci saafelli cimaa taʼe wanta adamsee qabate irratti gururiʼutti,
Yommuu guutummaan tuuta tiksitootaa isa irratti wal waaman
Sagalee isaaniitiin kan kaʼe akkuma hin jeeqamnetti,
Waca isaaniitiin kan kaʼes akkuma hin sodaannetti,
Yihowaan Gooftaan Raayyaas
Gaara Xiyoonii fi tabba ishii irratti waraana banuuf gad ni buʼa.
5 Akkuma allaattiiwwan saffisaan gad buʼaniitti, Yihowaan Gooftaan Raayyaas Yerusaalemiin ni golbooba.+
Inni ishii ni golbooba, ishii ni fayyisa.
Ishii ni baraara, ishii ni oolchas.”
6 “Yaa saba Israaʼel, gara isa qaanii malee irratti finciltan sanaatti deebiʼaa.+ 7 Guyyaa sanatti tokkoon tokkoon namaa waaqolii isaa warra gatii hin qabnee fi meetii irraa tolfaman, akkasumas waaqolii isaa warra gatii hin qabnee fi warqii irraa tolfaman, warra cubbuudhaan kakaatanii harkuma keessaniin tolchitan sana ni tuffata.
8 Asoorichi goraadeedhaan ni kufa, garuu goraadee namaatiin miti;
Goraadeen isa ni nyaata, garuu goraadee namaa miti.+
Inni goraadeedhaan kan kaʼe ni baqata,
Dargaggoonni isaas hojii dirqamaa ni hojjetu.
9 Kattaan isaa sodaa guddaadhaan ni darba,
Bulchitoonni isaas jirma mallattootiin kan kaʼe ni jeeqamu” jedha Yihowaan
Inni ibsaan* isaa Xiyoon keessa, iddoon ibiddaa isaas Yerusaalem keessa jiru.
2 Tokkoon tokkoon isaaniis bakka bubbee jalaa itti dhokatan,*
Bakka bokkaa yandoo jalaa dahoo itti argatan* ni taʼu;
Biyya bishaan hin qabne keessatti akkuma yaaʼaawwan bishaanii,+
Biyya waxalame keessattis akkuma gaaddisa qarsaa guddaa ni taʼu.
3 Yeroo sanatti ijji warra arganii hin dunuunfatu,
Gurri warra dhagaʼaniis xiyyeeffannaadhaan ni dhaggeeffata.
4 Garaan namoota jarjaranii beekumsa irratti ni xiinxala,
Arrabni giingaʼus akka gaariittii fi qulqulleessee ni dubbata.+
5 Kana booda namni hubannaa hin qabne arjaa hin jedhamu,
Namni seera hin qabnes guddaa hin jedhamu;
6 Namni hubannaa hin qabne, gantummaa babalʼisuu* fi wanta sirrii hin taane Yihowaa irratti dubbachuuf,
Isa beelaʼe* garaa duwwaa gadhiisuuf,
Isa dheebotes wanta dhugamu dhowwachuuf,
Wallaalummaa ni dubbata,
Garaan isaas wantoota miidhaa geessisan ni qopheessa.+
7 Malli namni seera hin qabne qopheessu hamaa dha;+
Hiyyeessi wanta sirrii taʼe yommuu dubbatutti illee,
Inni sobatti fayyadamee isa cunqurfame balleessuuf,+
Gocha qaanessaa taʼe ni babalʼisa.
8 Namni arjaan garuu arjummaa jaallata,
Arjummaa argisiisuuf* carraaqqii gochuu isaas itti fufa.
9 “Isin dubartoonni yaaddoo hin qabne, kaʼaatii sagalee koo dhaggeeffadhaa!
Isin ijoolleen durbaa dantaa hin qabne,+ wantan dubbadhu dhagaʼaa!
10 Yeroon makaraa firii wayinii yommuu xumuramutti firiin tokko illee waan hin sassaabamneef,
Isin warri dantaa hin qabne waggaan tokko akkuma dhumeen ni raafamtu.+
11 Isin dubartoonni yaaddoo hin qabne, jeeqamaa!
Isin warri dantaa hin qabne, raafamaa!
Uffata of irraa baasaa,
Uffata gaddaas marxifadhaa.+
12 Maasiiwwan babbareedoo fi muka wayinii firii hedduu godhatuuf,
Gaddaan qoma keessan rurrukutaa.
13 Sababiin isaas, lafti saba kootii qoree fi sokorruudhaan ni uwwifama;
Wantoonni kun manneen gammachuu hundumaa,
Eeyyee, magaalaa gammachuu ni uwwisu.+
14 Masaraan cimaan dhiifameera;
Magaalaan waccus onteetti.+
Ofeelii+ fi masaraan eegumsaa yeroo hundumaatiif lafa onaa taʼaniiru,
Bakka harroonni bosonaa keessa burraaqan,
Bakka bushaayeewwan keessa dheedanis taʼaniiru;+
15 Kunis, hamma hafuurri gubbaadhaa nu irratti dhangalaʼutti,+
Hamma lafti onaan maasii fuduraa taʼutti,
Akkasumas hamma maasiin fuduraa akka bosonaatti ilaalamutti dha.+
16 Achiis haqni lafa onaa keessa,
Qajeelummaanis maasii fuduraa keessa ni jiraata.+
17 Buʼaan qajeelummaa dhugaa, nagaa,+
Firiin qajeelummaa dhugaas, tasgabbii fi boqonnaa dhaabbataa ni taʼa.+
18 Sabni koo iddoo dhaabbataa nagaa qabu keessa,
Iddoowwan jireenyaa amansiisoo fi iddoowwan boqonnaa tasgabbii qaban keessa ni jiraata.+
19 Haa taʼu malee, cabbiin bosonicha ni mancaasa,
Magaalattiinis guutummaatti ni diigamti.
20 Isin warri bishaanota hundumaa qarqaratti sanyii facaastan,
33 Yaa isa badiisa geessistuu fi hamma yoonaatti hin balleeffamne nana,+
Yaa isa gantuu taatee fi hamma yoonaatti hin ganamne nana, siif wayyoo!
Ati badiisa geessisuu kee yommuu xumurtu, ni balleeffamta.+
Gantummaa raawwachuu kee yommuu xumurtus, ni ganamta.
2 Yaa Yihowaa, gaarummaa nutti argisiisi.+
Nuti si abdanna.
Ati yeroo hundumaa ganama ganama irree*+ keenya,
Eeyyee, yeroo dhiphinaatti fayyisaa keenya nuuf taʼi.+
3 Yeroo sagalee jeequmsaa dhagaʼanitti namoonni ni baqatu.
Yeroo ati kaatus saboonni ni bittinnaaʼu.+
4 Akkuma yeroo awwaannisni hin quufne walitti qabamutti taʼu, boojuun kees walitti ni qabama;
Namoonnis akkuma tuuta awwaannisaatti isa ni saamu.
5 Yihowaan ol ni qabama,
Inni ol gubbaa ni jiraata.
Haqaa fi qajeelummaadhaan Xiyooniin ni guuta.
6 Inni tasgabbii siif ni kenna;
Fayyinni guddaan,+ ogummaan, beekumsii fi Yihowaa sodaachuun+
Qabeenya isaa ti.
7 Kunoo, gootonni isaanii daandii irratti ni iyyu;
Ergamtoonni nagaas hirqinfatanii ni booʼu.
8 Daandiiwwan guguddoon dhiifamaniiru;
Namni daandiiwwan irra deemu tokko illees hin jiru.
9 Biyyattiin gadditeetti,* colligdeettis.
Libaanon salphatteetti;+ mancaateettis.
Shaaron akkuma gammoojjii taateetti,
Baashaanii fi Qarmeelosis baala isaanii harcaasaniiru.+
11 Isin marga gogaa ulfooftanii hoffaa ni deessu.
Hafuurumti keessan akka ibiddaatti isin ni guba.+
12 Namoonnis akkuma nooraa gubachaa jiruu ni taʼu.
Akkuma qoree murameettis ibiddaan ni gubamu.+
13 Isin warri fagoo jirtan, wantan gochuuf jedhu dhagaʼaa!
Warri dhihoo jirtanis, jabina koo amanaa fudhadhaa!
14 Cubbamoonni Xiyoon keessa jiran naasuudhaan qabamaniiru;+
Gantoonnis akkana jedhanii romʼaa jiru:
‘Nu keessaa bakka ibiddi gubu jiru jiraachuu kan dandaʼu eenyu?+
Labooba dhaamuu hin dandeenyee wajjin jiraachuu kan dandaʼu hoo eenyu?’
15 Namni yeroo hundumaa qajeelummaadhaan deddeebiʼu,+
Namni wanta qajeelaa dubbatu,+
Namni buʼaa sirrii hin taanee fi gowwoomsaadhaan argamu jibbu,
Namni mattaʼaa fudhachuu irraa harka isaa deebisu,+
Namni waaʼee dubbii dhiiga dhangalaasuu dubbatamu akka hin dhageenyeef gurra isaa qabatu,
Akkasumas wanta hamaa akka hin ilaalle ija isaa dunuunfatu,
16 Inni iddoowwan ol kaʼoo irra ni jiraata;
Dahoo qarsaa keessatti iddoo amansiisaa kooluu itti galu* ni qabaata,
Nyaata isaa ni argata,
Dhiheessiin bishaanii isaas matumaa hin dhaabbatu.”+
17 Ijji kee mootii simbo qabeessa taʼe ni ilaala;
Biyya fagoo jirus ni arga.
18 Garaa keettis waaʼee sodaa sanaa,
“Barreessaan sun eessa jira?
Inni gibira kaffale sun eessa jira?+
Inni masaraawwan lakkaaʼe sun hoo eessa jira?” jettee yaadda.*
19 Ati kana booda saba nama arrabsu,
Saba qooqa isaa hubachuuf baayʼee rakkisaa* taʼe,
Saba arrabni isaa giingaʼuu fi ati hubachuu hin dandeenye+ sana hin argitu.
20 Xiyoon ishii magaalaa ayyaanota keenyaa taate ilaali!+
Ijji kee Yerusaalem ishii bakka jireenyaa tasgabbii qabdu,
Ishii dunkaana hin sochoone taate sana ni ilaala.+
Qofoowwan dunkaanaa ishii matumaa hin buqqifaman,
Wadaroo ishii keessaa tokko illees hin citu.
21 Haa taʼu malee, achitti Yihowaan Inni Ulfina Qabeessa taʼe,
Naannoo lageenii fi boʼoowwan babalʼoo
Dooniiwwan batoo hedduu qaban irra hin deemne,
Dooniiwwan guguddoonis keessa hin darbine nuuf ni taʼa.
22 Sababiin isaas, Yihowaan Abbaa Murtii keenya dha,+
Yihowaan isa seera nuu kennu dha,+
Yihowaan Mootii keenya dha;+
Kan nu oolchu isa dha.+
23 Wadaroon kee ni laafa;
Inni utubaa doonii qabee dhaabuus taʼe, sharaa diriirsuu hin dandaʼu.
Yeroo sanatti boojuu hedduun ni hihirama;
Namoonni naafa taʼan illee boojuu hedduu fudhatu.+
24 Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, “Na dhukkuba” hin jedhu.+
Namoonni achi jiraatanis balleessaan isaanii isaaniif ni dhiifama.+
34 Isin saboonni, dhagaʼuuf dhihaadhaa,
Isin namoonnis, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa.
Laftii fi wanti ishii keessa guute,
Dacheenii fi oomishni ishii hundis haa dhagaʼan.
2 Sababiin isaas, dheekkamsi Yihowaa saboota hundumaa irratti,+
Aariin isaas raayyaa waraanaa isaanii hundumaa irratti dhufeera.+
Inni haxaaʼee isaan ni balleessa;
Akka qalamaniifis dabarsee isaan ni kenna.+
3 Reeffi isaanii gad ni darbatama,
Ajaan reeffa isaaniis ol ni baʼa;+
4 Raayyaan samiiwwanii hundi ni tortora,
Samiiwwanis akkuma maraa kitaabaatti ni maramu.
Akkuma baala coolligee muka wayinii irraa harcaʼuutti,
Akkuma harbuu shuntuuree muka harbuu irraa harcaʼuuttis
Raayyaan isaanii hundi ni harcaʼa.
5 “Sababiin isaas, goraadeen koo samii keessatti ni jiidha.+
Inni Edoom irratti,
Saba isan haxaaʼee balleessu irratti murtiidhaaf gad ni buʼa.+
6 Yihowaan goraadee qaba; goraadeen kun dhiigaan ni laaqama.
Coomaan ni laaqama,+
Dhiiga hoolota xobbaallaa fi dhiiga reʼootaatiin,
Cooma kalee korbeeyyii hoolaatiinis ni laaqama.
Sababiin isaas, Yihowaan Boozraa keessatti aarsaa,
Biyya Edoom keessattis qalma hedduu ni qopheessa.+
7 Gafarsoonni, isaanii wajjin,
Jiboonnis warra humna qabeeyyii wajjin gad ni buʼu.
Biyyi isaanii dhiigaan ni tortora,
Biyyoon isaaniis coomaan ni jiidha.”
8 Sababiin isaas, Yihowaan guyyaa itti haaloo baʼu,+
Waggaa yakka Xiyoon irratti raawwatameef adaba itti kennus qaba.+
9 Lageen ishii* gara hapheetti,
Biyyoon ishiis gara dinyiitti ni jijjiirama,
Lafti ishiis akkuma haphee bobaʼuu ni taʼa.
10 Ibiddichi halkanis taʼe guyyaa hin dhaamu;
Aarri isaas bara baraaf ol ni baʼa.
Ishiin dhalootaa hamma dhalootaatti barbadooftee hafti;
Baraa hamma bara baraattis eenyu iyyuu ishii keessa hin darbu.+
11 Allaattiin bishaanii fi dhaddeen ishii ni dhaalu,
Hurunguun gurra dheeratuu fi arraagessis ishii keessa ni jiraatu.
Innis wadaroo safaraa duwwaa akka taatu argisiisu,
Akkasumas tumbii* faayidaa kan hin qabne akka taatu argisiisu ishii irratti ni diriirsa.
12 Guguddoota ishii keessaa mootii kan taʼu tokko illee hin jiraatu,
Bulchitoonni ishii hundis gatii kan hin qabne taʼu.
13 Masaraawwan ishii warra ciccimoo taʼan keessatti qoreen,
Dahoowwan ishii keessattis doobbiinii fi aramaan qoree qabu ni biqila.
Ishiin holqa sardiidotaa,+
Bakka guchiiwwan keessa jiraatanis ni taati.
14 Uumamawwan gammoojjii bineensota caraananii wajjin wal argu,
Reʼeen bosonaas* michoota isaa ni waama.
Eeyyee, simbirri halkanii* achi ni qubatti, bakka boqonnaas ni argatti.
15 Achitti bofti akka xiyyaa darbatamtu manʼee ishii tolfattee hanqaaquu buusti,
Ilmaan ishiis achitti ni yaasti, gaaddisa ishii jalattis walitti isaan qabdi.
Eeyyee, cululleewwan kormaa fi dhalaa taʼanii achitti walitti ni qabamu.
16 Kitaaba Yihowaa keessaa barbaadaa, sagalee keessanis ol kaasaa dubbisaa.
Isaan keessaa tokko illee hin hirʼatu;
Ajaja kan kenne afaan Yihowaa waan taʼeef,
Walitti kan isaan qabes hafuura isaa waan taʼeef,
Isaan keessaa tokko illee hiriyaa hin dhabu.
17 Carraa kan isaaniif buuse isa dha,
Iddoo isaaniif ramadame kan safares* harkuma isaa ti.
Isaan yeroo hundumaatiif isa ni dhaalu;
Dhalootaa hamma dhalootaattis keessa ni jiraatu.
2 Shakkii tokko malee ni daraara;+
Inni ni gammada, ni ililchas.
Isaan ulfina Yihowaa, simboo Waaqa keenyaas ni argu.
3 Harka laafe jabeessaa,
Jilba hollatus cimsaa.+
4 Warra garaan isaanii dhiphatuunis akkana jedhaa:
“Jabaadhaa. Hin sodaatinaa.
Kunoo, Waaqni keessan haaloo baʼuuf ni dhufa,
Waaqayyo adabuuf ni dhufa.+
Inni dhufee isin ni oolcha.”+
6 Yeroo sanatti naafti akkuma gadamsaatti ni utaala,+
Arrabni nama dubbachuu hin dandeenyees ni ililcha.+
Sababiin isaas, lafa onaa keessatti bishaanonni ni burqu,
Gammoojjii keessattis lageen ni yaaʼu.
7 Lafti waxalamaan bishaan kuufamaa biqiltuudhaan guutame,
Lafti dheebotaanis burqaawwan bishaanii ni taʼa.+
Holqa sardiidonni itti boqotan keessa+
Margi lalisaan, shomboqqoonii fi dhallaadduun ni jiraata.
Xuraaʼaa kan taʼe isa irra hin deemu.+
Inni isa karicha irra deemuuf kan ramadame dha;
Gowwaa kan taʼe tokko illee isatti hin goru.
9 Leenci achitti hin argamu,
Bineensonni bosonaa hamoo taʼanis isatti hin seenan.
10 Warri Yihowaan fure ililchaa deebiʼanii gara Xiyoon ni dhufu.+
Isaan gammachuu dhuma hin qabne ni gonfatu.+
Ni gammadu, ni ililchus,
Gaddii fi aaduunis achii ni baqatu.+
36 Hisqiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa 14ffaa isaatti, Senaaheriib mootiin Asoor+ gara magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa dhufee isaan qabate.+ 2 Achiis mootiin Asoor Raabshaaqicha*+ raayyaa waraanaa guddaa tokkoo wajjin Laakiish+ irraa gara Hisqiyaas Mootichaa isa Yerusaalem keessa jirutti ni erge. Isaanis boʼoo bishaan kuufamaa isa olii+ bira, jechuunis daandii guddaa isa gara maasii namicha uffata miiccuutti+ geessu bira dhaabbatan. 3 Achiis Eliyaaqiim+ ilmi Hilqiyaa inni manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe, Shebnaan+ inni barreessaa taʼee fi Yoʼaan ilmi Asaaf inni barreessaa seenaa taʼe isatti gad ni baʼan.
4 Kanaafuu, Raabshaaqichi akkana isaaniin jedhe: “Maaloo, Hisqiyaasiin akkana jedhaa: ‘Mootii isa guddaa kan taʼe mootiin Asoor akkana jedha: “Amanannaa akkanaa akka qabaattu kan si godhe maali dha?+ 5 Ati, ‘Ani tooftaa fi humna waraanaaf na barbaachisu qaba’ jetta; kun garuu dubbii gatii hin qabne dha. Ana irratti fincila kaasuuf kan onnatte, eenyutti amanattee ti?+ 6 Kunoo, ati deggersa Gibxii ishii shomboqqoo caccabaa taatee fi namni tokko yoo itti hirkate barruu isaa waraantu sanaatti amanatteetta. Faraʼoon mootiin Gibxii warra isatti amanatan hundumaatiif akkanuma dha.+ 7 Isin, ‘Nuti Waaqa keenya Yihowaatti amananna’ yoo naan jettan garuu, Hisqiyaas Yihudaa fi Yerusaalemiin, ‘Isin sagaduu kan qabdan iddoo aarsaa kana duratti dha’+ jedhee, iddoowwan ol kaʼoo fi iddoowwan aarsaa isaa diigeera mitii?”’+ 8 Kanaafuu, maaloo, amma gooftaa koo mootii Asoorii wajjin wal morkadhu:+ Ati namoota farda gulufan argachuu yoo dandeesse, ani fardeen 2,000 siifan kenna. 9 Ati gaariiwwan fardaa fi abbootii fardeenii argachuuf Gibxiitti amanattee utuu jirtuu, tajaajiltoota gooftaa kootii keessaa bulchaa isa hunda irra gad aanu tokko illee akkamitti of irraa deebisuu dandeessa? 10 Ishii balleessuuf gara biyya kanaatti kanan ol baʼe heyyama Yihowaa malee sitti fakkaataa? Yihowaan iyyuu, ‘Gara biyya kanaatti ol baʼiitii ishii balleessi’ naan jedheera.”
11 Yeroo kanatti Eliyaaqiim, Shebnaanii+ fi Yoʼaan Raabshaaqichaan,+ “Nuti afaanicha waan dandeenyuuf, maaloo, Afaan Aaraamiin*+ nu tajaajiltoota keetti dubbadhu malee, afaan Yihudootaa isa namoonni dallicha irra jiran dhagaʼaniin nutti hin dubbatin” jedhan.+ 12 Raabshaaqichi garuu, “Gooftaan koo kan na erge, wanta kana gooftaa keettii fi sitti qofa akkan himuufii? Namoota dallicha irra taaʼan, warra isinii wajjin bobbaa isaanii nyaachuu fi fincaan isaanii dhuguuf jiran sanattis akkan dubbadhuuf mitii?” jedhe.
13 Achiis Raabshaaqichi dhaabbatee sagalee isaa ol kaasee afaan Yihudootaatiin+ akkana jedhe: “Dubbii mootii Asoor, mooticha isa guddaa dhagaʼaa.+ 14 Mootichi akkana jedha: ‘Hisqiyaas isin oolchuu waan hin dandeenyeef, inni isin hin gowwoomsin.+ 15 Akkasumas Hisqiyaas, “Yihowaan dhugumaan nu oolcha; magaalaan kunis harka mootii Asooritti hin kennamtu” jedhee Yihowaatti akka amanattan isin hin godhin.+ 16 Hisqiyaasiin hin dhagaʼinaa; mootiin Asoor akkana jedha: “Anaa wajjin nagaa uumaa; harka keessanis kennadhaa;* tokkoon tokkoon keessan muka wayinii ofii keessanii fi muka harbuu ofii keessanii irraa ni nyaattu; boolla bishaanii ofii keessanii keessaas ni dhugdu; 17 kunis, hamma ani dhufee biyya ishii akka biyya keessanii taatetti,+ biyya midhaanii fi biyya daadhii wayinii haaraatti, biyya daabboo fi biyya maasii wayiniitti isin geessutti ni taʼa. 18 Hisqiyaas, ‘Yihowaan nu oolcha’ jedhee isin hin dogoggorsin. Waaqolii sabootaa keessaa biyya isaa harka mootii Asoor jalaa kan oolche jiraa?+ 19 Waaqoliin Hamaatii fi Arpaad+ meerre? Waaqoliin Sefaarwaayim+ hoo meerre? Isaan Samaariyaa harka koo jalaa oolchaniiruu?+ 20 Waaqolii biyyoota kanaa hunda keessaa biyya isaa harka koo jalaa oolchuu kan dandaʼe eenyu? Maarree, Yihowaan akkamitti Yerusaalemiin harka koo jalaa oolchuu dandaʼa?”’”+
21 Mootichi, “Deebii isaaf hin kenninaa” jedhee ajajee waan tureef, isaan calluma jedhan; waan tokko illee isaaf hin deebisne.+ 22 Haa taʼu malee, Eliyaaqiim ilmi Hilqiyaa inni manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe, Shebnaan+ inni barreessaa taʼee fi Yoʼaan ilmi Asaaf inni barreessaa seenaa taʼe uffata isaanii tarsaasanii gara Hisqiyaas dhufanii wanta Raabshaaqichi jedhe isatti himan.
37 Hisqiyaas Mootichi akkuma kana dhagaʼeen uffata isaa tarsaasee, uffata gaddaas uffatee gara mana Yihowaa dhaqe.+ 2 Achiis inni, Eliyaaqiim inni manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe, Shebnaan inni barreessaa taʼee fi jaarsoliin lubootaa uffata gaddaa uffatanii gara Isaayyaas+ raajichaa isa ilma Amooz taʼee akka dhaqan isaan erge. 3 Isaanis akkana isaan jedhan: “Hisqiyaas akkana jedha: ‘Guyyaan kun guyyaa dhiphinaa, guyyaa ifannaa* fi guyyaa salphinaa ti; nuti akkuma dubartii daʼuu jala geessee* ciniinsifachuuf humna dhabdee taaneerra.+ 4 Tarii Waaqni kee Yihowaan dubbii Raabshaaqichi inni mootiin Asoor gooftaan isaa Waaqa jiraataa akka arrabsuuf+ erge sun dubbate ni dhagaʼa taʼa; akkasumas dubbii Waaqni kee Yihowaan dhagaʼe sanaaf isa ni gaafata taʼa. Kanaafuu, namoota asitti hafaniif+ kadhannaa dhiheessi.’”+
5 Tajaajiltoonni Hisqiyaas Mootichaas gara Isaayyaasitti ni seenan;+ 6 Isaayyaasis akkana isaaniin jedhe: “Gooftaa keessaniin akkana jedhaa: ‘Yihowaan akkana jedha: “Dubbii dhageesseen, dubbii isa tajaajiltoonni mootii Asoor+ ittiin na arrabsan sanaan kan kaʼe hin sodaatin.+ 7 Kunoo, ani sammuu isaa keessa yaada tokko* nan kaaʼa; innis oduu tokko dhagaʼee gara biyya isaatti ni deebiʼa;+ anis akka inni biyyuma isaatti goraadeedhaan ajjeefamu nan godha.”’”+
8 Raabshaaqichis mootiin Asoor Laakiishiin dhiisee deemuu isaa yommuu dhagaʼu gara isaatti ni deebiʼe; utuu Libnaa wajjin wal waraanuus isa argate.+ 9 Mootichis yeroo kanatti waaʼee Tirhaaqaa mootii Itoophiyaa, “Inni sii wajjin wal waraanuuf baʼeera” jedhamuu isaa dhagaʼe. Innis yommuu kana dhagaʼu, ammas akkana jedhee gara Hisqiyaasitti namoota erge:+ 10 “Hisqiyaas isa mootii Yihudaa taʼeen akkana jedhaa: ‘Waaqni kee inni amanattu, “Yerusaalem harka mootii Asooritti hin kennamtu” jedhee si hin gowwoomsin.+ 11 Kunoo, ati mootonni Asoor biyyoota sana hunda balleessuudhaan wanta isaan irratti raawwatan dhageesseetta.+ Ati qofti kan ooltu sitti fakkaataa? 12 Saboonni warri abbootiin koo balleessan sun waaqoliin isaanii isaan oolchaniiruu?+ Goozaan, Kaaraan,+ Rezeefii fi namoonni Eedan warri Tel Asaar keessa turan meerre? 13 Mootiin Hamaat, mootiin Arpaad, mootiin magaalota Sefaarwaayim,+ mootiin Heenaa fi mootiin Iiwaa meerre?’”
14 Hisqiyaasis xalayaawwan sana harka namoota ergaman sanaa irraa fuudhee dubbise. Achiis gara mana Yihowaatti ol baʼee xalayaawwan sana Yihowaa duratti diriirse.+ 15 Sana booda Hisqiyaas akkana jedhee Yihowaa kadhachuu jalqabe:+ 16 “Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa,+ yaa Waaqa Israaʼel isa kiruubelotaa olitti* teessoo irra teessu, mootummoota lafaa hundaaf Waaqni dhugaan si qofa dha. Ati samii fi lafa uumteetta. 17 Yaa Yihowaa, gurra kee as qabii dhagaʼi!+ Yaa Yihowaa, ija kee banii ilaali!+ Dubbii Senaaheriib Waaqa jiraataatti qoosuuf erge hundumaa dhagaʼi.+ 18 Yaa Yihowaa, mootonni Asoor biyyoota hundumaa fi biyyoota ofii isaanii akka balleessan beekamaa dha.+ 19 Waaqolii isaaniis ibidda keessatti gataniiru;+ sababiin isaas, isaan mukaa fi dhagaa warra hojii harka namaa taʼan malee waaqolii hin turre.+ Isaan balleessuu kan dandaʼanis kanaafi. 20 Amma garuu yaa Waaqa keenya Yihowaa, mootummoonni lafa irraa hundi ati qofti Waaqa taʼuu kee akka beekaniif, yaa Yihowaa, harka isaa jalaa nu oolchi.”+
21 Achiis Isaayyaas ilmi Amooz akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Senaaheriib mootii Asooriin ilaalchisee gara kootti kadhannaa waan dhiheessiteef,+ 22 dubbiin Yihowaan isa irratti dubbate kana dha:
“Intalli Xiyoon ishiin durba taate si tuffatti, sitti qoosti.
Intalli Yerusaalem mataa sitti raasti.
23 Ati kan itti qoostee+ fi kan arrabsite eenyuuni?
Sagalee kee kan ol kaaste eenyu irratti?+
Of jajuudhaanis kan ilaalte eenyuuni?
Isa Qulqulluu kan Israaʼeli!+
24 Ati karaa tajaajiltoota keetii Yihowaatti qoostee+ akkana jette:
‘Gaariiwwan fardaa waraanaa koo hedduu taʼaniin
Gara ol dheerina gaarotaatti,+
Gara iddoowwan fagoo Libaanonittis ol nan baʼa.
Gaattiraawwan ishii dhedheeroo taʼanii fi mukeetii birbirsaa ishii filatamoo taʼan nan mura.
Dahoowwan ishii warra ol kaʼoo taʼanii fi bosonawwan ishii warra gobbatan keessa nan seena.
25 Ani boollawwan bishaanii qotee bishaanota nan dhuga;
Burqaawwan* Gibxii faana miila kootiin nan gogsa.’
26 Ati hin dhageenyee? Kun yeroo dheeraa dura murteeffameera.*
Bara duriitii jalqabee ani kana qopheesseera.+
Amma kun akka raawwatamu nan godha.+
Atis magaalota dallaa dhagaa qaban tuullaa diiggaa ni goota.+
27 Jiraattonni isaanii gargaarsa kan hin qabne taʼu;
Isaan ni sodaatu, ni qaanaʼus.
Isaan akka biqiltuu dirree irraa fi akka marga lalisaa,
Akka marga baaxii irratti biqilee bubbee bahaatiin waxalamees ni taʼu.
28 Ani garuu ati yoom akka teessu, yoom akka gad baatuu fi yoom akka ol seentu,+
Akkasumas yoom akka anatti dheekkamte akka gaariitti nan beeka;+
29 Sababiin isaas, natti dheekkamuun kee+ fi iyyi kee gurra koo gaʼeera.+
Kanaafuu, funyaan keetti hookkoo koo, afaan keettis luugama+ koo nan galcha;
Karaa irra dhufteenis akka deebitu nan godha.”
30 “‘Kunis mallattoo siif* ni taʼa: Waggaa kanatti isa ofii isaatiin biqile* ni nyaattu; waggaa lammaffaatti midhaan isa irraa late ni nyaattu; waggaa sadaffaatti garuu, sanyii ni facaafattu; ni haammattus; mukeetii wayiniis dhaabdanii firii isaanii ni nyaattu.+ 31 Mana Yihudaa keessaa warri miliqanii fi warri hafan+ gara gadiitti hidda ni dheereffatu; gara oliittis firii ni godhatu. 32 Warri hafan Yerusaalem keessaa, warri oolanis Gaara Xiyoon keessaa ni baʼu.+ Hinaaffaan Yihowaa Gooftaa Raayyaa kana ni godha.+
33 “‘Kanaafuu, Yihowaan mootii Asooriin ilaalchisee akkana jedha:+
“Inni magaalaa kanatti hin seenu+
Yookiin ishiitti xiyya hin futtaasu
Yookiin gaachana qabatee ishiitti hin dhufu
Yookiin ishiitti marsuuf naannoo ishiitti biyyoo hin tuulu.”’+
34 ‘Inni karuma dhufe irra ni deebiʼa;
Magaalaa kanattis hin seenu’ jedha Yihowaan.
35 ‘Ani ofii kootii+ fi tajaajilaa koo Daawitiif jedhee+
Magaalaa kana nan eega;+ ishiis nan oolcha.’”
36 Maleekaan Yihowaa tokkos gad baʼee buufata Asoorotaa keessatti namoota 185,000 ni ajjeese. Namoonnis ganama barii yommuu kaʼan, reeffawwan sana hundumaa ni argan.+ 37 Kanaafuu, Senaaheriib mootiin Asoor bakka sana gadhiisee deeme; gara Nanawweetti+ deebiʼees achi taaʼe.+ 38 Utuma inni mana* waaqa isaa Nisrookitti sagadaa jiruus ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer goraadeedhaan isa ajjeesanii+ gara biyya Araaraatitti+ baqatan. Ilmi isaa Eesaar Hadoonis+ bakka isaa mootii taʼe.
38 Bara sanatti Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu jala gaʼee ture.+ Isaayyaas+ raajichi ilmi Amooz dhufee, “Yihowaan akkana jedha: ‘Ati ni duuta malee hin fayyitu; kanaafuu, maatii keetiif qajeelfama kenni’” isaan jedhe.+ 2 Yeroo kanatti Hisqiyaas fuula isaa gara girgiddaatti garagalchee akkana jedhee Yihowaa kadhachuu jalqabe: 3 “Maaloo yaa Yihowaa, amanamummaa fi garaa guutuudhaan+ akkamitti si duratti akkan deddeebiʼe, si duratti wanta gaarii taʼe akkan raawwadhes akka yaadattu+ sin kadhadha.” Achiis Hisqiyaas hirqinfatee booʼuu jalqabe.
4 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Isaayyaas ni dhufe: 5 “Gara Hisqiyaasitti deebiʼiitii akkana isaan jedhi:+ ‘Yihowaan inni Waaqa Daawit abbaa keetii taʼe akkana jedha: “Kadhannaa kee dhagaʼeera.+ Imimmaan kees argeera.+ Kunoo, umurii* kee irratti waggaa 15 siifan dabala;+ 6 siinis taʼe magaalaa kana harka mootii Asoor jalaa nan oolcha; magaalaa kanas nan eega.+ 7 Mallattoon Yihowaa biraa dhufee fi Yihowaan wanta dubbate akka raawwatu argisiisu kana dha:+ 8 Gaaddidduun kortoo* Akaaz irra gad buʼaa jiru tarkaanfii kudhan gara duubaatti akka deebiʼu nan godha.”’”+ Kanaafuu, gaaddidduun kortoo sana irra gad buʼee ture sun, tarkaanfii kudhan gara duubaatti ni deebiʼe.
9 Hisqiyaas mootiin Yihudaa dhukkuba isaa irraa erga fayyee booda barreeffama tokko ni barreesse.*
10 “Ani walakkaa umurii kootti
Gara karrawwan Awwaalaatti* nan seena.
Waggoonni koo warri hafan na jalaa fudhatamu” nan jedhe.
11 Akkana nan jedhe: “Ani Yaahiin,* eeyyee, Yaahiin biyya warra jiraatoo keessatti hin argu.+
Warra bakka jireenyi hin jirre keessa jiraatanii wajjin yeroon taʼutti,
Ilmaan namootaa hin argu.
12 Bakki jireenyaa koo akkuma dunkaana tikseetti,
Buqqifamee na jalaa fudhatameera.+
Ani akkuma nama wayyaa dhaʼuutti lubbuu koo mareera;
Inni akkuma foʼaa qalʼaatti na kuta.
Ati ganamaa hamma galgalaatti na fixaa jirta.+
13 Hamma ganamaatti of nan tasgabbeesse.
Inni akkuma leencaatti lafeewwan koo hundumaa ni caccabsa;
Ati ganamaa hamma galgalaatti na fixaa jirta.+
Ijji koo ol ilaaluudhaan dadhabeera:+
15 Ani maal jechuun dandaʼa?
Inni natti dubbateera, tarkaanfiis fudhateera.
Dhiphina guddaa na irra gaʼeen* kan kaʼe,
Guutummaa bara jireenyaa kootti gad of qabee* nan deddeebiʼa.
16 Yaa Yihowaa, tokkoon tokkoon namaa wantoota kanaan* ni jiraata,
Hafuurri koos isaaniin ni jiraata.
Ati fayyaa koo naaf deebista, lubbuudhaanis na jiraachista.+
17 Kunoo, ani nagaa argachuu mannaa, gadda guddaa keessan ture;
Garuu jaalala naaf* qabduun kan kaʼe,
Boolla badiisaa irraa na oolchiteetta.+
Cubbuuwwan koo hundumaa of duubatti gatteetta.*+
Warri gara boollaatti gad buʼan amanamummaa kee abdachuu hin dandaʼan.+
19 Akkuman harʼa gochuu dandaʼutti,
Warri lubbuudhaan jiran, eeyyee, warri lubbuudhaan jiran si jajachuu dandaʼu.
Abbaan tokko waaʼee amanamummaa keetii ilmaan isaatiif beekumsa dabarsuu dandaʼa.+
20 Yaa Yihowaa, na oolchi,
Nutis guutummaa bara jireenyaa keenyatti mana Yihowaa keessatti,+
Meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin faarfannaawwan koo ni faarfanna.’”+
21 Achiis Isaayyaas, “Bixxillee harbuu gogaa tokko fidaatii akka inni fayyuuf dhiitoo sana irra kaaʼaa” jedhe.+ 22 Hisqiyaas, “Ani gara mana Yihowaatti akkan ol baʼu mallattoon argisiisu maali dha?” jedhee gaafatee ture.+
39 Yeroo sanatti mootiin Baabilon, Merodaakbaalaadaan ilmi Baalaadaan Hisqiyaas dhukkubsatee akka fayye waan dhagaʼeef+ xalayaa fi kennaa isaaf ni erge.+ 2 Hisqiyaasis namoota ergaman sana gammachuudhaan simatee* mana qabeenyaa+ isaa, jechuunis meeticha, warqicha, zayitii baalsaamii fi zayitii gatii guddaa qabu kan biraa, guutummaa mana kuusaa meeshaa waraanaa isaa, akkasumas wanta manneen qabeenyaa isaa keessa jiru hundumaa isaanitti argisiise. Hisqiyaas wanta mana* isaa keessa jiruu fi wanta bulchiinsa isaa keessa jiru hundumaa keessaa wanti inni isaanitti hin argisiisne tokko illee hin turre.
3 Sana booda Isaayyaas raajichi gara Hisqiyaas Mootichaatti seenee, “Namoonni kun maal jedhan? Eessaa dhufan?” jedhee isa gaafate. Hisqiyaasis, “Biyya fagoodhaa, jechuunis Baabilonii dhufan” isaan jedhe.+ 4 Itti aansuudhaanis, “Isaan mana* kee keessatti maal argan?” jedhee isa gaafate. Hisqiyaasis, “Wanta mana* koo keessa jiru hunda arganiiru. Manneen qabeenyaa koo keessaa wanti ani isaanitti hin argisiisne tokko illee hin jiru” jedhee isaaf deebise.
5 Yeroo kanatti Isaayyaas Hisqiyaasiin akkana jedhe: “Dubbii Yihowaa Gooftaa Raayyaa dhagaʼi; 6 ‘Kunoo, guyyaan wantoonni mana* kee keessa jiran hundii fi wantoonni abbootiin kee hamma harʼaatti kuufatan hundi gara Baabilonitti itti geeffaman ni dhufa. Wanti tokko illees hin hafu’+ jedha Yihowaan.+ 7 ‘Ilmaan kee warra ati dhalchitu keessaa tokko tokkos ni fudhatamu; mana mootummaa mootii Baabilon keessattis abbootii taayitaa ni taʼu.’”+
8 Yeroo kanatti Hisqiyaas Isaayyaasiin, “Dubbiin Yihowaa inni ati dubbatte gaarii dha” jedhe. Itti dabaluudhaanis, “Sababiin isaas, bara jireenyaa* kootti nagaanii fi tasgabbiin* ni jiraata” jedhe.+
40 Waaqni keessan akkana jedha: “Jajjabeessaa, saba koo jajjabeessaa.+
2 Garaa* Yerusaalemitti dubbadhaa,
Tajaajilli dirqamaa ishii raawwatamuu isaa,
Gatiin yakka ishiis kaffalamuu isaa ishiidhaaf labsaa.+
Ishiin cubbuu ishii hundumaatiif harka Yihowaa irraa gatii guutuu* argatteetti.”+
3 Lafa onaa keessaa sagaleen akkana jedhu tokko ni dhagaʼama:
“Daandii Yihowaa qopheessaa!+
Gammoojjii keessattis Waaqa keenyaaf daandii guddaa qajeelaa taʼe qopheessaa.+
4 Sululli hundi ol haa kaafamu,
Gaarrii fi tabbi hundis gad haa buʼu.
Lafti buʼaa baʼii qabu diriiraa,
Lafti wal caccaalus dirree sulula keessa jiru haa taʼu.+
5 Ulfinni Yihowaa ni mulʼata,+
Foon* hundis waliin taʼee kana ni arga,+
Sababiin isaas, afaan Yihowaa kana dubbateera.”
6 Dhagaʼi, inni tokko, “Labsi!” jechaa jira.
Inni kan biraan immoo, “Maalan labsa?” jedhee gaafata.
“Foon* hundi marga lalisaa dha.
Jaalalli isaanii inni amanamaan hundi akkuma daraaraa dirree ti.+
7 Yihowaan isa irratti hafuura isaa waan baafatuuf,+
Margi lalisaan ni goga,
Daraarichis ni coolliga.+
Dhugumaan namoonni akkuma marga lalisaa ti.
8 Margi lalisaan ni goga,
Daraarichis ni coolliga,
Dubbiin Waaqa keenyaa garuu bara baraaf jabaatee ni dhaabbata.”+
9 Yaa dubartii Xiyooniif misiraachoo fiddu nana,+
Gara gaara dheeraatti ol baʼi.
Yaa dubartii Yerusaalemiif misiraachoo fiddu nana,
Humnaan sagalee kee ol kaasii iyyi.
Sagalee kee ol kaasi, hin sodaatin.
“Waaqni keessan kunoo ti” jedhiitii magaalota Yihudaatti labsi.+
Kunoo, badhaasni isaa isa bira jira,
Gatiin inni kaffalus isa dura jira.+
11 Inni akkuma tikseetti bushaayee isaa ni kunuunsa.*+
Hoolota xobbaallaa irree isaatiin walitti ni qaba,
Qoma isaattis isaan ni baata.
Warra ilmoolee isaanii hoosisan suuta jedhee ni oofa.+
Biyyoo lafaa safartuu keessatti kan walitti qabe+
Yookiin gaarotaa fi
Tabbawwan madaalliidhaan kan madaale eenyu?
13 Hafuura Yihowaa kan safare* eenyu?
Gorsaa isaa taʼee isa barsiisuu kan dandaʼu hoo eenyu?+
14 Inni hubannaa argachuuf eenyuu wajjin mariʼate?
Yookiin daandii haqaa kan isa barsiisu
Yookiin beekumsa kan isaaf kennu
Yookiin daandii hubannaa dhugaa kan isatti argisiisu eenyu?+
15 Kunoo, saboonni akkuma copha hubboo keessaa cophuu ti,
Akkuma awwaara madaallii irra jiruuttis ni ilaalamu.+
Kunoo, inni odolawwan akkuma awwaaraatti ol ni kaasa.
16 Libaanon illee ibiddicha bobeessuuf hin gaʼu,*
Bineensonni bosonaa achi keessa jiranis aarsaa gubamuuf hin gaʼan.
17 Saboonni hundi isa duratti akkuma wanta hin jirreetti ilaalamu;+
Inni homaatti iyyuu isaan hin lakkaaʼu, akka waan gatii hin qabneetti isaan ilaala.+
18 Waaqayyoon eenyuu wajjin wal bira qabuu dandeessu?+
Maalitti isa fakkeessuu dandeessu?+
19 Ogeessi harkaa waaqa tolfamaa* ni tolcha,
Namni sibiila tumu warqii isatti ni uwwisa,+
Meetii irraas funcaa isaaf ni tolcha.
20 Aarsaa isaatiif akka taʼutti inni muka,+
Muka hin tortorre ni filata.
Fakkii bocamaa hin kufne akka isaaf tolchuufis
Ogeessa harkaa ni barbaaddata.+
21 Isin hin beektanii?
Hin dhageenyee?
Kun jalqabaa kaasee isinitti hin himamnee?
Lafti erga hundeeffamtee jalqabee isin kana hin hubannee?+
Inni akkuma huccuu haphiitti samiiwwan ni afa,
Akkuma dunkaana keessa jiraatamuuttis isaan ni diriirsa.+
23 Inni abbootii taayitaa ol aanoo ni salphisa,
Abbootii murtii* lafaas gatii kan hin qabne ni godha.
24 Isaan akkuma biqiltuu reefuu dhaabamee ti,
Isaan akkuma sanyii reefuu facaafamee ti,
Jirmi isaanii amma iyyuu lafa keessatti hidda hin godhanne,
Isaanitti qilleensaʼeera, goganiirus,
Bubbeenis akkuma galabaatti isaan fudhata.+
25 Inni Qulqulluun akkana jedha: “Isaa wajjin wal na qixxeessuuf eenyuu wajjin wal na fakkeessuu dandeessu?
26 Ija keessan gara samiitti ol kaasaatii ilaalaa.
Wantoota kana kan uume eenyu?+
Raayyaa isaanii lakkoofsaan kan gad baasu isa dha;
Inni hunda isaanii maqaa maqaadhaan ni waama.+
Jabina isaa isa guddaa fi humna isaa isa sodaachisaa+ taʼeen kan kaʼe,
Isaan keessaa tokko illee hin hirʼatu.
27 Yaa Yaaqoob, yaa Israaʼel,
‘Daandiin koo Yihowaa duraa dhokateera,
Waaqayyo irraas haqa hin argadhu’ kan jettu maaliifi?+
28 Ati hin beektuu? Hin dhageenyee?
Yihowaan inni Uumaa andaara lafaa taʼe, bara baraaf Waaqa dha.+
Inni matumaa hin dadhabu yookiin hin bututu.+
Hubannaan isaa qoramuu* hin dandaʼu.+
30 Ijoolleen dhiiraa ni dadhabu, ni bututus,
Dargaggoonni ni gufatu, ni kufus,
31 Warri Yihowaa abdatan garuu, humni isaanii ni haareffama.
Isaan akkuma risaatti qoochoodhaan ol ni baʼu.+
Ni fiigu, hin bututan;
Ni deemu, hin dadhaban.”+
41 “Isin odolawwan nana, callisaatii na dhagaʼaa;*
Saboonni jabina isaanii deebisanii haa argatan.
Isaan haa dhihaatan; achiis haa dubbatan.+
Kottaa, murtiidhaaf walitti haa qabamnu.
2 Saboota dabarsee isatti kennuuf,
Moototas akka of jala galfatu gochuuf,+
Baha biiftuu irraa nama tokko kan kaase,+
Qajeelummaadhaan gara miila isaatti* kan isa waame eenyu?
Goraadee isaa duratti biyyootti kan isaan dabalu,
Iddaa isaa durattis akkuma galabaa qilleensi fudhatuu kan isaan godhu eenyu?
3 Inni gufuu tokko malee
Daandiiwwan miilli isaa irra ejjetee hin beekne irra deemuudhaan isaan ni ariʼa.
4 Jalqabaa kaasee dhalootawwan sana waamuudhaan,
Tarkaanfii kan fudhatee fi kana kan godhe eenyu?
5 Odolawwan sun kana arganii sodaataniiru.
Warri andaara lafaa irra jiraatan hollachuu jalqabaniiru.
Isaan dhihaataniiru, gara fuulduraattis dhufaniiru.
6 Tokkoon tokkoon namaa michuu isaa ni gargaara,
Obboleessa isaatiinis, “Jabaadhu” jedha.
7 Ogeessi harkaa, nama sibiila tumu ni jajjabeessa;+
Namni burruusaan sibiila batteessus
Nama boca itti baasuuf sibiila tumu ni jajjabeessa.
Inni, “Sibiilichi akka gaariitti walitti qabsiifameera” jedha.
Akka hin kufneefis mismaaraan rukutameera.
8 “Yaa Israaʼel, ati garuu tajaajilaa koo ti,+
Yaa Yaaqoob, ati isa ani filadhe dha,+
Ati sanyii Abrahaam isa michuu koo taʼe sanaa ti,+
9 Ati isan andaara lafaatii fudhadhe,+
Isan iddoowwan fagoo lafaatii waame sana dha.
10 Ani sii wajjin waanan jiruuf, hin sodaatin.+
Waaqa kee waanan taʼeef, hin dhiphatin.+
Ani sin jabeessa, eeyyee, sin gargaara,+
Ani dhugumaan harka qajeelummaa koo isa mirgaatiin cimsee sin qaba.’
11 Kunoo, warri akka malee sitti aaran hundi ni qaanaʼu, ni salphatus.+
Warri siin lolan ni barbadaaʼu, ni badus.+
12 Warra siin morkatan ni barbaadda, garuu isaan hin argattu;
Namoonni si irratti waraana banan, akka waan hin jirree fi akka waan guutummaatti faayidaa hin qabnee ni taʼu.+
13 Sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan, isa harka kee mirgaa qabee,
‘Hin sodaatin. Ani sin gargaara’ siin jedhu sana dha.+
14 Yaa Yaaqoob, ati inni raammoo* taate+ hin sodaatin,
Yaa namoota Israaʼel, ani isin nan gargaara” jedha Yihowaan inni isin furu,+ Inni Qulqulluun kan Israaʼel.
15 “Kunoo, ani konkolaataa ittiin midhaan siribsiisan,+
Meeshaa haaraa ittiin midhaan siribsiisanii fi gar lamaan ilkaan qabu si godheera.
Ati gaarota dhidhiittee ni caccabsita,
Tabbawwanis akka habaqii ni goota.
16 Ati isaan ni afarsita,
Bubbeenis isaan fudhata;
Obomboleettiin isaan bittinneessa.
17 “Warri rakkatoonii fi hiyyeeyyiin bishaan ni barbaadu, garuu homaa hin argatan.
Dheebuu irraa kan kaʼe arrabni isaanii gogeera.+
Ani Yihowaan, deebii isaaniif nan kenna.+
Ani Waaqni Israaʼel, isaan hin dhiisu.+
18 Tabbawwan duwwaa taʼan irra lageen,+
Dirreewwan sulula keessatti argaman keessattis burqaawwan bishaanii akka yaaʼan nan godha.+
Lafa onaa gara bishaan kuufamaa biqiltuudhaan guutametti,
Lafa bishaan hin qabnes gara burqaawwan bishaaniitti nan jijjiira.+
19 Gammoojjii keessatti muka gaattiraa,
Muka laaftoo, muka hadaasii* fi muka zayitiin irraa argamu nan dhaaba.+
Dirree gammoojjii keessatti muka birbirsaa,
Muka aashii* fi muka gosa gaattiraa nan dhaaba;+
20 Kanas kanan godhu, harki Yihowaa kana akka godhe,
Inni Qulqulluun kan Israaʼel kana akka uume
Namoonni hundi akka arganii fi akka beekan,
Akkasumas xiyyeeffannaa akka kennanii fi akka hubatan gochuufi.”+
21 “Dhimma keessan dhiheeffadhaa” jedha Yihowaan.
“Falmii keessan dhiheeffadhaa” jedha Mootiin Yaaqoob.
22 “Ragaa dhiheessaa, wantoota raawwatamuuf jedhanis nutti himaa.
Isaan irratti akka xiinxalluu* fi buʼaa isaanii akka beeknuuf,
Waaʼee wantoota duraan* raawwatamanii nutti himaa.
Yookiin wantoota gara fuulduraatti dhufan nu beeksisaa.+
23 Isin waaqolii taʼuu keessan akka beeknuuf,
Wanta gara fuulduraatti raawwatamu nutti himaa.+
Eeyyee, nuti isa ilaallee akka dinqisiifannuuf,
Gaariis haa taʼu hamaa, wanta tokko raawwadhaa.+
24 Kunoo, isin akkuma wanta hin jirree ti,
Wanti isin raawwattanis gatii hin qabu.+
Namni isin filatu kam iyyuu jibbisiisaa dha.+
25 Ani kaaba irraa nama tokko kaaseera, innis ni dhufa,+
26 Nuti akka beeknuuf, jalqabaa kaasee,
‘Inni sirrii dha’ akka jennuufis, yeroo darbe irraa kaasee waaʼee wanta kanaa kan dubbate eenyu?+
Dhuguma iyyuu, namni tokko illee isa hin beeksisne!
Namni tokko illee isa hin labsine!
Namni tokko illee isin irraa homaa hin dhageenye!”+
27 Jalqaba irratti Xiyooniin, “Kunoo, isaan as jiru!” kan jedhe ana dha.+
Gara Yerusaalemittis nama misiraachoo qabate nan erga.+
28 Ani ilaaluu koo ittan fufe, garuu namni tokko illee hin turre;
Isaan gidduudhaa namni gorsa kennu tokko illee hin turre.
Deebii akka kennanis isaan gaafachuu koo ittan fufe.
29 Kunoo, hundi isaanii abjuu* dha.
Hojiin isaaniis gatii hin qabu.
Fakkiiwwan isaanii warri sibiila irraa tolfaman* bubbee fi wanta faayidaa hin qabne dha.+
42 Ilaa, tajaajilaa koo+ isan deggeru!
Isan filadhe,+ isan* itti gammadu!+
2 Inni hin iyyu yookiin sagalee isaa ol hin kaasu,
Sagaleen isaa daandii irratti akka dhagaʼamus hin godhu.+
Inni amanamummaadhaan haqa ni fida.+
4 Hamma lafa irratti haqa fidutti ifni isaa hin hirʼatu yookiin inni hin cabu;+
Odolawwanis seera* isaa ni eeggatu.
5 Waaqa dhugaa kan taʼe Yihowaan,
Uumaan samiiwwanii, inni Guddichi inni isaan diriirse,+
Inni lafaa fi oomisha ishii tolche,+
Inni namoota lafa irra jiraniif hafuura,+
Warra ishii irra deddeebiʼaniifis jireenya kenne+ akkana jedha:
6 “Ani Yihowaan qajeelummaadhaan si waameera;
Harka kee qabeera.
Ani sin eega, namootaaf kakuu godhee,+
Sabootaafis ifa godhee sin kenna;+
7 Kanas kanan godhu, ati ija jaame akka bantuuf,+
Isa hidhame mana hidhaa dukkana taʼe keessaa,
Warra dukkana keessa taaʼanis mana hidhaatii akka baastuufi.+
8 Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana;
Ulfina koo eenyuuf iyyuu hin kennu,*
Galata koos fakkiiwwan bocamaniif hin kennu.+
9 Kunoo, wantoonni jalqabaa raawwatamaniiru;
Amma wantoota haaraa nan labsa.
Isaan dhufuu isaanii dura, waaʼee isaanii nan dubbadha.”+
10 Isin warri gara galaanaatti gad buutanii fi warri isa keessa guuttan hundi,
Isin odolawwanii fi warri isaan keessa jiraattan,+
Yihowaadhaaf faarfannaa haaraa faarfadhaa,+
Andaara lafaa irraas isa jajadhaa.+
Warri qarsaa keessa jiraatan haa ililchan;
Isaan fiixee gaarotaa irraa haa iyyan.
12 Isaan Yihowaadhaaf ulfina haa kennan,
Odolawwan keessattis isa haa jajatan.+
13 Yihowaan akka nama jabaatti gad ni baʼa.+
Akka loltuutti hinaaffaa isaa ni dammaqsa.+
Inni ni iyya, eeyyee, iyya waraanaa ni dhageessisa;
Diinota isaa caalaa jabaa taʼuu isaas ni argisiisa.+
14 “Ani yeroo dheeraadhaaf nan callise.
Calluma nan jedhe, ofis nan qabe.
Akkuma dubartii ciniinsifachaa jirtuutti,
Nan aada, nan hargana, hafuurri koos ni ciccita.
15 Gaarotaa fi tabbawwan nan balleessa,
Biqiltuu isaanii hundumaas nan gogsa.
16 Namoota qaro dhabeeyyii taʼan daandii isaan hin beekne irra nan geggeessa,+
Daandiiwwan isaaniif haaraa taʼan irra akka ejjetanis nan godha.+
Ani kana isaaniif nan godha, ani isaan hin dhiisu.”
17 Warri fakkiiwwan bocamanitti amanaman,
Warri siidaawwan sibiilaatiin,* “Isin waaqolii keenya” jedhan,
Duubatti ni deebiʼu, guutummaattis ni salphatu.+
18 Isin warri duudaan, dhagaʼaa;
Isin jaamonnis ilaalaa, argaas.+
19 Tajaajilaa koo malee jaamaan eenyu?
Akka ergamaa kootti duudaa kan taʼe hoo eenyu?
Akka isan badhaase sanaatti,
Akka tajaajilaa Yihowaatti jaamaa kan taʼe eenyu?+
20 Ati wantoota hedduu ni argita, garuu dammaqinaan hin eeggattu.
Gurra kee ni banta, garuu hin dhageessu.+
21 Yihowaan qajeelummaa isaatiif jedhee,
Seericha* guddaa fi ulfina qabeessa gochuutti gammadeera.
22 Haa taʼu malee, sabni kun guutummaatti saamamaniiru,+
Hundi isaanii boolla keessatti qabamaniiru, mana hidhaa keessas dhokfamaniiru.+
Isaan saamamaniiru, kan isaan oolchus hin jiru,+
Saamamaniiru, “Isaan deebisaa!” kan jedhus hin jiru.
23 Isin gidduudhaa kana kan dhagaʼu eenyu?
Gara fuulduraatti faayidaa argachuuf jedhee xiyyeeffannaa kan kennuu fi kan dhagaʼu eenyu?
24 Yaaqoobiin boojuutti,
Israaʼeliin warra isa saamanitti dabarsee kan kenne eenyu?
Yihowaa isa nuti cubbuu irratti hojjenne mitii?
25 Kanaan kan kaʼes, inni dheekkamsa isaa,
Aarii isaa fi waraana sodaachisaa isa irratti ni fide.+
Ibiddichi wanta naannoo isaatti argamu hundumaa ni nyaate, inni garuu xiyyeeffannaa hin kennine.+
Isa irratti ni bobaʼe, inni garuu kana hin qalbeeffanne.+
43 Yaa Yaaqoob, Uumaan kee,
Yaa Israaʼel, Yihowaan inni si tolche+ akkana jedha:
“Ani waanan si fureef,+ hin sodaatin.
Ani maqaa keetiin si waameera.
Ati kan koo ti.
2 Ati yommuu bishaan keessa ceetu ani sii wajjin nan taʼa.+
Yommuu lageen keessa ceetus isaan si hin liqimsan.+
Ati yommuu ibidda keessa darbitu hin gubattu,
Laboobni isaas si hin waxalu.
3 Sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan,
Inni Qulqulluun kan Israaʼel, Fayyisaa kee ti.
Ani Gibxii furii godhee siif kenneera,
Itoophiyaa fi Seebaas bakka kee kenneera.
Kanaafuu, ani namoota bakka kee,
Sabootas bakka lubbuu keetii nan kenna.
5 Ani sii wajjin waanan jiruuf, hin sodaatin.+
Sanyii kee baha irraa nan fida,
Dhiha irraas walitti isin nan qaba.+
6 Ani kaabaan, ‘Isaan gadhiisi!’ nan jedha.+
Kibbaanis akkana nan jedha: ‘Isaan hin qabatin.
Ilmaan koo fagoo irraa, ijoollee durbaa koos andaara lafaa irraa fidi;+
7 Hundi isaanii iyyuu maqaa kootiin kan waamaman,+
Warran ulfina kootiif uume,
Warran tolchee fi warran uume dha.’+
8 Namoota utuma ija qabanii jaamaa taʼan,
Utuma gurra qabaniis duudaa taʼan gad baasi.+
9 Saboonni hundi bakka tokkotti haa sassaabaman,
Namoonnis walitti haa qabaman.+
Isaan gidduudhaa kana dubbachuu kan dandaʼu eenyu?
Yookiin isaan wantoota jalqabaa* nu dhageessisuu ni dandaʼuu?+
Sirrii taʼuu isaanii mirkaneessuuf dhugaa baatota isaanii haa dhiheeffatan
Yookiin dhagaʼanii, ‘Kun dhugaa dha!’ haa jedhan.”+
10 Yihowaan akkana jedha: “Isin dhugaa baatota koo ti,+
Eeyyee, tajaajilaa koo isan filadhe dha;+
Kunis, isin akka beektanii fi akka natti amantaniif,*
Ani isuma taʼuu koos akka hubattaniifi.+
Ana dura Waaqni hin tolfamne,
Ana boodas hin jiru.+
11 Ani, ani Yihowaa dha,+ ana malee fayyisaan hin jiru.”+
12 “Ani isa yeroo waaqni ormaa isin gidduu hin turretti+
Wanta raawwatamu labse, isa isin oolchee fi wanta kana beeksise sana dha.
Kanaafuu, isin dhugaa baatota koo ti” jedha Yihowaan, “Ani Waaqa dha.+
13 Kana malees, ani yeroo hundumaa isuma sana;+
Harka koo keessaa wanta tokko illee fudhachuu kan dandaʼu hin jiru.+
Tarkaanfii ani fudhadhu eenyutu hambisuu dandaʼa?”+
14 Yihowaan inni isin furu,+ Inni Qulqulluun kan Israaʼel+ akkana jedha:
“Ani isiniif jedhee raayyaa waraanaa tokko gara Baabilonitti nan erga, danqaraawwan karra hundumaas nan diiga,+
Kaladoonnis dooniiwwan isaanii keessatti dhiphinaan ni iyyu.+
15 Ani Yihowaa, Isa Qulqulluu+ keessan, isa Uumaa Israaʼelii+ fi Mootii keessan taʼe dha.”+
16 Yihowaan inni galaana keessatti daandii qopheessu,
Inni bishaan jeeqamu keessatti illee karaa qopheessu,+
17 Inni gaarii fardaa waraanaa fi farda,+
Akkasumas raayyaa waraanaa loltoota jajjaboo wajjin gad baasu akkana jedha:
“Isaan ni ciisu, hin kaʼanis.+
Isaan akkuma foʼaa bobaʼuutti ukkaamamanii ni dhaamu.”
18 “Wantoota kanaan duraa hin yaadatinaa,
Wantoota darban irrattis hin xiinxalinaa.
19 Kunoo, ani wanta haaraa nan raawwadha;+
Inni ammuma illee jalqabeera.
Isin kana hin hubannee?
20 Bineensonni bosonaa,
Sardiidonnii fi guchiiwwan ulfina naaf ni kennu;
Sababiin isaas, sabni koo, inni ani filadhe+ akka dhuguuf,
Lafa onaa keessatti bishaan,
Gammoojjii keessattis lageen nan qopheessa;+
21 Isaan waaʼee ulfina kootii akka labsaniif,
Saba ani ofii kootiif tolfadhe dha.+
23 Ati aarsaawwan kee warra guutummaatti gubamaniif akka taʼanitti hoolota naaf hin fidne
Yookiin aarsaawwan keetiin ulfina naaf hin kennine.
Ani kennaa akka naa fiddu si hin dirqisiisne,
Ixaana adii akka naa kennitu si gaafachuudhaanis si hin nuffisiisne.+
24 Ati maallaqa keetiin marga urgaaʼu naaf hin binne,
Cooma aarsaawwan keetiitiinis na hin quubsine.+
Kanaa mannaa, cubbuu kee natti feete,
Balleessaa keetiinis na nuffisiiste.+
26 Na yaadachiisi; himata keenya wal irratti haa dhiheessinu;
Sirrii taʼuu kee mirkaneessuuf dhimma kee dubbadhu.
27 Abbaan keessan inni jalqabaa cubbuu ni hojjete,
28 Kanaan kan kaʼes, ani bulchitoota iddoo qulqulluu sanaa nan xureessa,
Yaaqoobiin badiisatti,
Israaʼeliin arrabsootti dabarsee nan kenna.+
44 “Tajaajilaa koo kan taate yaa Yaaqoob,
Yaa Israaʼel isan filadhe nana,+ dhagaʼi.
2 Yihowaan inni si uume,
Inni si tolche,+
Inni yeroo gadameessa keessa turte irraa* jalqabee si gargaare akkana jedha:
3 Sababiin isaas, ani isa* dheebote irratti bishaan,+
Lafa gogaa irrattis lageen yaaʼan nan dhangalaasa.
Sanyii kee irratti hafuura koo,
Ijoollee kee irrattis eebba koo nan dhangalaasa.+
4 Isaan akkuma biqiltuu marga lalisaa gidduu jiruutti
Akkuma mukeetii alaltuu lageen yaaʼan qarqara jiraniittis ni biqilu.+
5 Inni tokko, “Ani kan Yihowaa ti” jedha.+
Inni kan biraan maqaa Yaaqoobiin of waama,
Inni kan biraan immoo, “Ani kan Yihowaa ti” jedhee harka isaa irratti barreessa.
Maqaa Israaʼeliinis waamamuu jalqaba.’
‘Ani isa jalqabaa fi isa xumuraa ti.+
Ana malee Waaqni kan biraan hin jiru.+
7 Kan akka kootii eenyu?+
Inni deebii haa kennu, haa dubbatu, naaf haa mirkaneessus!+
Isaan yeroon saba isa bara dheeraa dura ture hundeesse irraa jalqabee
Wantoota dhiheenyatti dhufan,
Wantoota gara fuulduraatti raawwatamanis haa dubbatan.
Ani dursee tokkoon tokkoon keessanitti hin himnee? Akkasumas isinitti hin beeksisnee?
Isin dhugaa baatota koo ti.+
Ana malee Waaqni kan biraan jiraa?
Hin jiru, Qarsaan kan biraan hin jiru;+ ani tokko illee hin beeku.’”
9 Warri fakkiiwwan bocaman tolchan hundi gatii hin qaban,
Miʼawwan isaanii warri isaan bakka guddaa kennaniif sunis faayidaa hin qaban.+
Ragoonni isaanii* kun homaa hin argan, homaas hin beekan,+
Kanaafuu, warri isaan tolchan ni qaanaʼu.+
10 Namni waaqa tolfatu yookiin sibiila baqfame irraa
Fakkii faayidaa hin qabne tolfatu eenyu?+
11 Kunoo, michoonni isaa hundi ni qaanaʼu!+
Ogeeyyiin harkaa sunis namoota dha.
Hundi isaanii walitti qabamanii iddoo isaanii haa qabatan.
Isaan ni naʼu, hundi isaaniis ni salphatu.
12 Namni sibiila tumu, sibiilicha barbadaa irra kaaʼee meeshaa* isaatiin ni tolcha.
Irree isaa isa jabaadhaan tumee
Burruusaan boca itti baasa.+
Achiis ni beelaʼa, humni isaas ni dhuma;
Bishaan waan hin dhugneefis ni dadhaba.
13 Namni muka bocu wadaroo safaraa isaa diriirsee boronqii diimaadhaan sarara itti baasa.
Achiis qirixiidhaan ni soqa, meeshaadhaanis* boca itti baasa.
Fakkii namaa irratti ni kaasa,+
Bifa namaa isa miidhagus irratti ni boca,
14 Namni hojiin isaa muka gaattiraa muruu taʼe tokko jira.
Inni akaakuu mukaa tokko, jechuunis muka qilxuu ni filata,
Mukti sun mukeetii bosonaa gidduutti hamma cimutti ni eega.+
Inni muka laawuroo* ni dhaaba, bokkaanis isa guddisa.
15 Achiis namni tokko ibidda bobeessuuf itti fayyadama.
Inni muraasa isaa bobeessee ibidda qaqqaammata;
Ibidda qabsiisees daabboo tolfata.
Haa taʼu malee, waaqa tolfatee isa ni waaqeffata.
Fakkii bocamaa tolfatees gombifamee isa duratti ni sagada.+
16 Walakkaa isaa ibiddaan ni guba;
Walakkaa isaatiin immoo foon waadee nyaata, ni quufas.
Ibidda qaqqaammatees, “Ishoo, natti hoʼe, ibiddichas argeera” jedha.
17 Isa hafe garuu fakkii bocee waaqa ni tolfata.
Isaaf ni sagada, isa ni waaqeffatas.
Achiis, “Ati waaqa koo waan taateef, na oolchi” jedhee
Kadhannaa isatti dhiheessa.+
18 Isaan homaa hin beekan, homaas hin hubatan;+
Sababiin isaas, ijji isaanii walitti qadaadameera, arguus hin dandaʼan,
Garaan isaanii hubannaa hin qabu.
19 Namni garaa isaatti xiinxalee
Yookiin beekumsa qabaatee yookiin hubannaa qabaatee,
“Walakkaa isaa nan bobeesse,
Ibidda isaatiinis daabboo tolchee, foonis waadee nan nyaadhe.
Maarree isa irraa hafeen wanta jibbisiisaa tolchuun qabaa?+
Muka* hoo waaqeffachuun qabaa?” jedhu hin jiru.
20 Inni daaraa ni nyaata.
Garaan isaa inni gowwoomfame karaa irraa isa jalʼiseera.
Inni of* oolchuu hin dandaʼu
Yookiin, “Wanti harka mirgaa koo irra jiru soba dha mitii?” hin jedhu.
21 “Ati tajaajilaa koo waan taateef,
Yaa Yaaqoob, yaa Israaʼel, wantoota kana yaadadhu.
Ani si tolcheera, ati tajaajilaa koo ti.+
Yaa Israaʼel, ani si hin irraanfadhu.+
22 Ani balleessaa kee akka waan duumessaan haguugameetti,+
Cubbuu kees akka waan duumessa cimaadhaan haguugameetti nan haqa.
Waanan si furuuf, gara kootti deebiʼi.+
23 Yihowaan tarkaanfii waan fudhateef,
Isin samiiwwan ililchaa!
Isin iddoowwan gad fagoon lafaas ililchaa!
Isin gaaronni,
Ati bosonnii fi mukeetiin kee hundis ililchaa!+
Sababiin isaas, Yihowaan Yaaqoobiin fureera,
Ulfina isaas Israaʼel irratti argisiiseera.”+
24 Yihowaan inni si furu,+
Inni yeroo gadameessa keessa turtee jalqabee si tolche akkana jedha:
“Ani Yihowaa isa wanta hunda tolche dha.
Eenyutu anaa wajjin ture?
25 Mallattoo namoonni dubbii gatii hin qabne dubbatan kennan* nan fashaleessa,
Warri hooda dubbatanis akkuma gowwootaa akka taʼan nan godha;+
Namoota ogeeyyii nan joonjessa,
Beekumsa isaaniis gowwummaatti nan jijjiira;+
26 Ani dubbiin tajaajiltoota kootii akka raawwatamu nan godha,
Raajii ergamoonni koo dubbatanis guutummaatti nan raawwadha;+
Ani waaʼee Yerusaalem, ‘Ishiin bakka jireenyaa ni taati’+
Waaʼee magaalota Yihudaas, ‘Isaan deebiʼanii ni ijaaramu,+
Diiggaawwan ishiis deebisee nan ijaara’+ nan jedha;
27 Ani bishaanota gad fagoodhaan, ‘Hurkaa,
Lageen keessan hundumaas nan gogsa’+ nan jedha;
28 Waaʼee Qiirosis,+ ‘Inni tiksee koo ti,
Fedhii koo hundumaas guutummaatti ni raawwata’+ nan jedha;
Waaʼee Yerusaalem, ‘Ishiin deebitee ni ijaaramti,’
Waaʼee mana qulqullummaas, ‘Buʼuurri kee ni kaaʼama’+ nan jedha.”
45 Yihowaan Qiiros+ isa dibe sanaan,
Isa saboonni akka isaaf bitaman gochuuf,+
Mootota meeshaa waraanaa hiiksisuuf,*
Karrawwan akka hin cufamneefis
Balbaloota isa duratti banuuf
Harka isaa mirgaa qabate+ sanaan akkana jedha:
Balbaloota sibiila diimaa nan caccabsa,
Danqaraawwan sibiilaas nan kukkuta.+
3 Ani Yihowaa Waaqa Israaʼel
Isa maqaa keetiin si waamu taʼuu koo akka beektuuf,+
Qabeenya dukkana keessa jiru,
Qabeenya dhokfamaa iddoo hin mulʼanne keessa jirus siif nan kenna.+
4 Yaaqoob isa tajaajilaa koo taʼe, Israaʼel isan filadheef jedhee,
Maqaa keetiin sin waama.
Ati na beekuu baattus maqaa ulfinaa siif nan kenna.
5 Ani Yihowaa dha, ana malee kan biraan hin jiru.
Ana malee Waaqni hin jiru.+
Ati na beekuu baattus sin jabeessa;*
6 Kunis baha biiftuu irraa jalqabee hamma lixa biiftuutti*
Ana malee kan biraan akka hin jirre+
Namoonni akka beekaniifi.
Ani Yihowaa dha, ana malee kan biraan hin jiru.+
7 Ani ifa nan tolcha,+ dukkanas nan uuma,+
Nagaa nan fida,+ badiisas nan uuma;+
Ani Yihowaan wantoota kana hundumaa nan raawwadha.
8 Isin samiiwwan ol gubbaadhaa gad roobsaa,+
Duumessoonnis qajeelummaa haa roobsan.
Lafti banamtee firii fayyinaa haa godhattu,
Qajeelummaas isaa wajjin haa maddisiistu.+
Ani Yihowaan kana uumeera.”
9 Isa Uumaa isaa* morkatuuf* wayyoo!
Sababiin isaas, inni qiraacii,
Qiraaciiwwan caccaboo lafa irratti gataman kaan gidduu jiru dha.
Supheen Suphe Dhooftuudhaan,* “Maal tolchaa jirta?” jechuu qabaa?+
Yookiin wanti ati tolchite, “Inni harka hin qabu” jechuu qabaa?*
10 Isa abbaadhaan, “Ati maal dhalchita?”
Dubartiidhaanis, “Ati maal deessa?”* jedhuuf wayyoo!
11 Yihowaan Inni Qulqulluun kan Israaʼel,+ inni isa tolche akkana jedha:
“Isin wantoota gara fuulduraatti dhufan ilaalchisee na shakkituu?
Ilmaan koo+ fi hojiiwwan harka kootii ilaalchisee hoo na ajajjuu?
12 Ani lafa tolcheera,+ namas ishii irratti uumeera.+
13 “Ani nama tokko qajeelummaadhaan ol kaaseera,+
Daandiiwwan isaa hundumaas qajeelaa nan godha.
Inni magaalaa koo ni ijaara,+
Namoota koo warra boojiʼamanis gatii yookiin mattaʼaa malee+ bilisa ni baasa”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
14 Yihowaan akkana jedha:
“Buʼaan* Gibxii, miini daldalaa* Itoophiyaa fi namoonni Saabaa warri dhedheeroo taʼan,
Gara kee dhufanii kan kee ni taʼu.
Isaan funcaadhaan hidhamanii si duuba ni deemu.
Dhufaniis siif ni sagadu.+
Isaan kadhannaadhaan, ‘Dhugumaan Waaqayyo sii wajjin jira,+
Isa malee kan biraan hin jiru; Waaqni kan biraanis hin jiru’ siin jedhu.”
15 Fayyisaa kan taate, yaa Waaqa Israaʼel,+
Ati dhugumaan Waaqa of dhoksu dha.
16 Hundi isaanii ni qaanaʼu, ni salphatus;
Warri waaqolii tolfamoo tolchan hundi salphatanii ni deemu.+
17 Haa taʼu malee, Yihowaan Israaʼeliif fayyina bara baraa ni argamsiisa.+
Isin bara baraaf hin qaanoftan, hin salphattanis.+
18 Sababiin isaas, Yihowaan
Inni Uumaa samiiwwanii+ fi Waaqa dhugaa taʼe,
Inni lafa tolche, Uumaan ishii inni jabeessee ishii dhaabe,+
Inni bakka jireenyaa akka taatuuf malee akkanumaan* ishii hin uumne+ akkana jedha:
“Ani Yihowaa dha, ana malee kan biraan hin jiru.
19 Ani bakka dhokataa keessatti, biyya dukkanaa keessatti hin dubbanne;+
Ani sanyii Yaaqoobiin,
‘Akkanumaan na barbaadaa’ hin jenne.
Ani Yihowaa isa wanta qajeelaa dubbatuu fi isa qajeelina labsu dha.+
20 Walitti qabamaatii kottaa.
Isin warri saboota jalaa miliqxan, waliin dhihaadhaa.+
Warri fakkiiwwan bocaman baatanii jooran,
Warri waaqa isaan oolchuu hin dandeenyetti kadhannaa dhiheessanis homaa hin beekan.+
21 Gabaasa keessan dhiheessaa, dhimma keessan dhiheeffadhaa.
Isaan tokkummaadhaan waliin haa mariʼatan.
Bara dheeraa dura kana kan dubbate,
Yeroo darbe irraa kaasees kana kan labse eenyu?
Ana Yihowaa mitii?
Ana malee Waaqni kan biraan hin jiru;
Ana malee Waaqni qajeelaanis taʼe Fayyisaan hin jiru.+
22 Ani Waaqa waanan taʼeef, ana malees kan biraan waan hin jirreef,+
Guutummaan andaara lafaa gara kootti deebiʼaa, fayyinas argadhaa.+
Jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata,
Arrabni hundi amanamummaadhaan ni kakata,+
24 Akkanas ni jedha: ‘Dhugumaan qajeelummaa dhugaanii fi jabinni Yihowaa biraa argama.
Warri isatti dheekkaman hundi qaaniidhaan isa duratti ni dhihaatu.
25 Guutummaan sanyii Israaʼel Yihowaadhaan kan kaʼe sirrii taʼuun isaa ni mirkanaaʼa,+
Isaanis isaan ni boonu.’”
46 Beel gad jedha,+ Neboonis ni gugguufa.
Waaqolii tolfamoon isaanii akkuma baʼaa horii dadhabe irratti feʼameetti,
Horii irratti, eeyyee, horii feʼumsaa irratti ni feʼamu.+
2 Isaan waliin ni gugguufu, gadis ni jedhu;
Feʼumsa* sana oolchuu hin dandaʼan,
Isaanumti* iyyuu boojiʼamanii ni fudhatamu.
3 “Yaa mana Yaaqoob, isin warri mana Israaʼel keessaa haftan hundi,+
Isin warri ani yeroo dhalattanii jalqabee isin gargaaree fi yommuu gadameessa keessa turtanii jalqabee isin baadhe+ nana, na dhagaʼaa.
4 Hamma dulloomtanitti ani isuma sana;+
Hamma harrii baastanittis isinan baadha.
Akkuman kanaan dura godhetti, isinan baadha, isinan dandaʼa, isinan oolchas.+
5 Akka waan wal fakkaannuutti,+ eenyuu wajjin wal na fakkeessitu?
Yookiin eenyuu wajjin wal na qixxeessitu? Yookiin eenyuu wajjin wal bira na qabdu?+
6 Warri boorsaa isaanii keessaa warqii harcaasan jiru;
Isaan madaallii irratti meetii ni madaalu.
Nama sibiila tumu ni mindeessu, innis waaqa godhee isa tolcha.+
Achiis isaaf ni sagadu, eeyyee, isa ni waaqeffatu.*+
7 Ol kaasanii gateettii isaanii irra kaaʼatu;+
Isa baatanii iddoo isaa irra isa kaaʼu, innis achuma dhaabbata.
Iddoo isaatii hin sochoʼu.+
Isaan gara isaatti ni iyyu, inni garuu deebii hin kennu;
Eenyuun iyyuu dhiphina irraa oolchuu hin dandaʼu.+
8 Kana yaadadhaa, onnatoos taʼaa.
Isin yakkamtoonni kana yaadatti qabadhaa.
9 Wantoota bara durii* yaadadhaa,
Ani Waaqa akkan taʼe, ana malees kan biraan akka hin jirre yaadadhaa.
Ani Waaqa dha, kan akka kootii tokko illee hin jiru.+
10 Wanta gara fuulduraatti taʼu jalqaba irraa kaasee,
Wantoota hamma yoonaatti hin raawwatamnes bara dheeraa dura nan dubbadha.+
Dubbadheera, fiixaan nan baasa.
Kaayyeffadheera, nan raawwadhas.+
12 Isin warri garaa didaa* taʼe qabdan,
Isin warri qajeelummaa irraa fagoo jirtan, na dhagaʼaa.
Xiyoon keessatti fayyina nan argamsiisa, Israaʼeliifis simboo koo nan kenna.”+
47 Yaa intala Baabilon ishii durba taate nana,+
Gad buʼiitii biyyoo irra taaʼi.
Yaa intala Kaladootaa,
Bakka teessoon hin jirretti lafa irra taaʼi;+
Sababiin isaas, kana booda namoonni matumaa lallaaftuu fi qananiituu jedhanii si hin waaman.
2 Dhagaa daakuu fudhadhuutii daakuu daaki.
Shaashii kee of irraa kaasi.
Qamisii kee of irraa baasi, tafa kees qullaatti hambisi.
Lageen sanas ceʼi.
3 Qullaan kee ni mulʼata.
Qaaniin kees ni saaxilama.
Ani haaloo nan baʼa,+ namni na dhowwus hin jiraatu.*
5 Yaa intala Kaladootaa,
Calluma jedhii achi taaʼi, dukkana keessas seeni;+
Isaan kana booda Giiftii* Mootummootaa jedhanii si hin waaman.+
6 Ani saba kootti nan dheekkame.+
Ati garuu gara laafina isaanitti hin argisiisne.+
Maanguddoota irratti illee waanjoo ulfaataa feete.+
7 Ati, “Ani yeroo hundumaa, bara baraaf Giiftii* nan taʼa” jette.+
Wantoota kana yaadatti hin qabanne;
Wanta dhuma irratti taʼus hin hubanne.
8 Yaa ishii gammachuu jaallattuu,+
Ishii tasgabbiidhaan teessee garaa keetti,
“Kan akka kootii hin jiru, ana malees kan biraan hin jiru.+
Ani dubartii abbaan manaa irraa duʼe hin taʼu.
Ijoolleen koos matumaa hin duʼan” jettu nana+ kana dhagaʼi.
9 Haa taʼu malee, wantoonni kun lamaan guyyuma tokkotti akka tasaa si irra gaʼu:+
Ijoolleen kee ni duʼu, atis dubartii abbaan manaa irraa duʼe ni taata.
Falfala hedduu fi dawweessaa raawwatte hundumaatiin kan kaʼe,*+
Balaawwan kun humna guddaadhaan sitti dhufu.+
10 Ati hammina keetti amanamteetta.
“Eenyu iyyuu na hin argu” jetteetta.
Ogummaan kee fi beekumsi kee karaa irraa si jalʼiseera,
Garaa keettis, “Kan akka kootii hin jiru, ana malees kan biraan hin jiru” jetta.
11 Haa taʼu malee, badiisni sitti dhufa,
Falfala kee keessaa tokko illee kana dhaabsisuu hin dandaʼu.*
Rakkinni sitti dhufa; atis hambisuu hin dandeessu.
Karaa ati kanaan dura hin beekneen badiisni tasaa sitti dhufa.+
12 Egaa, falfalaa fi dawweessuu+
Isa ijoollummaa keetii jalqabdee itti dadhabde sana raawwachuu kee itti fufi.
Tarii faayidaa argachuu dandeessa taʼa;
Tarii namoonni sodaadhaan akka guutaman ni goota taʼa.
13 Gorsitoota kee warra hedduu taʼaniin kan kaʼe dadhabdeetta.
Warri samiiwwan waaqeffatan,* warri urjiilee xiyyeeffannaadhaan ilaalan,+
Warri yeroo baatii haaraatti
Waaʼee wantoota sitti dhufanii dubbatan,
Amma kaʼanii si haa oolchan.
14 Kunoo, isaan akkuma hoffaa ti.
Ibiddi isaan ni guba.
Humna laboobni qabu irraa of* oolchuu hin dandaʼan.
Barbadaawwan kun qaqqaammachuuf kan taʼan miti,
Ibiddichis ibidda bira taaʼan miti.
15 Dawweessitoonni kee,
Warri ati ijoollummaa keetii jalqabdee itti dadhabde akkanuma sitti taʼu.
Hundi isaanii karaa mataa mataa isaanii* ni jooru.
Kan si oolchu tokko illee hin jiraatu.+
48 Yaa mana Yaaqoob,
Isin warri maqaa Israaʼeliin of waamtanii+ fi
Bishaanota Yihudaa keessaa dhuftan,*
Isin warri dhugaa fi qajeelummaadhaan taʼuu baatus+
Maqaa Yihowaatiin kakattannii+ fi
Maqaa Waaqa Israaʼel waammattan, kana dhagaʼaa.
2 Isaan maqaa magaalaa qulqulluu sanaatiin of waamu,+
Gargaarsa Waaqa Israaʼel
Isa maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼe sanaas ni barbaadu.+
3 “Ani wantoota duraanii* yeroo dheeraa dura isinitti himeera.
Afaanuma kootu kana dubbate,
Akka beekaman kan godhes ana dha.+
Akkuma tasaa tarkaanfii nan fudhadhe, isaanis ni taʼan.+
4 Ati hammam didaa akka taate,
Mormi kee ribuu sibiilaa, addi kees sibiila diimaa akka taʼe waanan beekuuf,+
5 Bara dheeraa dura sitti himeera.
Ati, ‘Waaqni tolfamaan koo kana godheera;
Fakkiin koo inni bocamaanii fi fakkiin koo inni sibiila irraa tolfame* kana ajajeera’ akka hin jenneef,
Kun raawwatamuu isaa dura waaʼee isaa akka dhageessu godheera.
6 Ati kana hundumaa dhageesseetta, argiteettas.
Kana hin labsituu?+
Ani ammaa jalqabee wantoota haaraa,
Iccitiiwwan dhoksaatti qabamanii fi ati hin beekne sitti nan beeksisa.+
7 Ati ‘Kunoo, ani duruma iyyuu isaan nan beeka’ akka hin jennetti,
Wantoonni ati kanaan dura matumaa hin dhageenye kun
Bara dheeraa dura utuu hin taʼin amma uumaman.
8 Lakki, ati hin dhageenye,+ ati hin beekne,
Kanaan dura gurri kee hin banamne.
Ati baayʼee gantuu taʼuu kee,+
Erga dhalattee jalqabees yakkamaa jedhamtee waamamaa akka turte nan beeka.+
9 Haa taʼu malee, ani maqaa kootiif jedhee dheekkamsa koo nan ittisa;+
Ulfina kootiif jedhee of nan toʼadha,
Si hin balleessus.+
10 Kunoo, akka meetiitti taʼuu baatus si qulqulleesseera.+
Rakkina akka iddoo ibiddaa sibiila itti baqsanii taʼe keessatti si qoreera.*+
11 Ofii kootiif jedhee, eeyyee, ofii kootiif jedhee tarkaanfii nan fudhadha;+
Akkamittan of xureessuu dandaʼa?+
Ani ulfina koo eenyuuf iyyuu hin kennu.*
12 Yaa Yaaqoob, yaa Israaʼel isan waame nana, na dhagaʼi.
Ani isuma sana.+ Ani isa jalqabaa ti, isa xumuraa tis.+
Yeroon isaan waamu, isaan waliin ni dhaabbatu.
14 Hundi keessan walitti qabamaatii dhagaʼaa.
Isaan gidduudhaa wantoota kana kan beeksise eenyu?
Yihowaan isa jaallateera.+
15 Ani dubbadheera, isa waameeras.+
Ani isa fideera, daandiin isaas milkaaʼina ni argata.+
16 Natti dhihaadhaatii kana dhagaʼaa.
Ani jalqabaa kaasee dhoksaatti hin dubbanne.+
Yeroo inni itti raawwatamee jalqabee achin ture.”
Ammas Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan anaa fi hafuura isaa ergeera.*
17 Yihowaan inni si furu, Inni Qulqulluun kan Israaʼel akkana jedha:+
“Ani Waaqa kee Yihowaa
Isa wanta si fayyadu* si barsiisu,+
Karaa irra deemuu qabdu irras si geggeessu dha.+
18 Ajajawwan koo xiyyeeffannaadhaan utuu dhageesseetta taʼee akkam gaarii ture!+
19 Sanyiin kee, ijoolleen kees,
Akkuma cirrachaa hedduu ni taʼu.+
Maqaan isaaniis matumaa ana duraa hin haqamu yookiin haxaaʼamee hin balleeffamu.”
20 Baabilon keessaa baʼaa!+
Kaladoota jalaas baqadhaa!
Ililchuudhaan kana beeksisaa! Labsaa!+
Hamma andaara lafaatti beeksisaa.+
Akkana jedhaa: “Yihowaan tajaajilaa isaa Yaaqoobiin fureera.+
21 Yommuu inni gammoojjii keessa isaan geeggeessaa turetti isaan hin dheebonne.+
Qarsaa keessaa bishaan akka isaaniif burqu ni godhe;
Qarsaa baqaqsees bishaan akka dhangalaʼu ni godhe.”+
22 “Hamoonni nagaa hin qaban” jedha Yihowaan.+
49 Isin odolawwan, na dhagaʼaa,
Isin saboonni+ fagoo jirtanis, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa.
Yihowaan dhalachuu koo dura* na waameera.+
Yeroon gadameessa haadha tiyyaa keessa ture irraa jalqabee maqaa koo waameera.
Xiyya cululuqfame na godheera;
Korojoo xiyyaa isaa keessas na dhokseera.
3 Inni, “Yaa Israaʼel ati tajaajilaa koo+
Isan simboo koo karaa isaatiin argisiisu dha”+ naan jedheera.
4 Ani garuu akkana nan jedhe: “Akkanumaanan dhamaʼe.
Wanta hin jirreef jedhee akkanumaanan humna koo fixe.
5 Ammas Yihowaan inni tajaajilaa isaa akkan taʼuuf gadameessa keessatti na tolche,
Israaʼeliin gara isaatti walitti qabuuf jedhee,
Yaaqoobiin gara isaatti akkan deebisu natti himeera.+
Ani Yihowaa duratti ulfina nan argadha,
Waaqni koo jabina koo naaf taʼa.
6 Inni akkana jedheera: “Ati tajaajilaa koo kan taate,
Gosoota Yaaqoob kaasuuf,
Warra Israaʼel keessaa oolanis deebisuuf qofa miti.
Kanaa mannaa, fayyinni koo hamma andaara lafaatti akka gaʼuuf,+
Sabootaafis ifa godhee si kenneera.”+
7 Yihowaan inni Israaʼeliin furu, Inni Qulqulluun+ isaa, isa tuffatame,*+ isa sabni jibbee fi isa tajaajilaa bulchitootaa taʼe sanaan akkana jedha:
“Yihowaa isa amanamaa+ taʼeen,
Isa Qulqulluu kan Israaʼel, isa si filate+ sanaan kan kaʼe,
Mootonni arganii ni kaʼu,
Bulchitoonnis ni sagadu.”
8 Yihowaan akkana jedha:
“Yeroo fudhatama qabutti* deebii siif kenneera,+
Guyyaa fayyinaattis si gargaareera;+
Ani sabootaaf kakuu godhee si kennuuf eegumsa siif nan godha,+
Kunis biyyattii deebistee akka ijaartuuf,
Dhaala isaanii isa one akka isaan dhaalchistuuf,+
9 Hidhamtootaan, ‘Gad baʼaa!’+
Warra dukkana keessa jiraniinis,+ ‘Of mulʼisaa!’ akka jettuufi.
Isaan daandiiwwan bira ni sooratu,
Karaawwan dullooman* hundumaa qarqaras bakka dheedichaa ni godhatu.
11 Ani gaarota koo hundumaa daandii nan godha,
Daandiiwwan koo warri guguddoonis ol ni kaafamu.+
12 Ilaa, kanneen kun fagoo irraa,+
Kanneen kun, kaabaa fi dhiha irraa,
Kanneen kunis, biyya Siiniim irraa dhufaa jiru.”+
13 Isin samiiwwan ililchaa, atis yaa lafaa gammadi.+
Gaaronni ililchuudhaan haa gammadan.+
Sababiin isaas, Yihowaan saba isaa jajjabeesseera,+
Namoota isaa warra cunqurfamanittis gara laafina ni argisiisa.+
15 Haati takka mucaa ishii isa hoosistu irraanfachuu dandeessii?
Ilma ishii isa gadameessa ishii keessaa baʼeef hoo garaa hin laaftuu?
Dubartoonni kun yoo irraanfatan illee, ani matumaa si hin irraanfadhu.+
16 Kunoo, ani barruu koo irratti si boceera.
Dallaawwan kees yeroo hundumaa na dura jiru.
17 Ilmaan kee dafanii ni deebiʼu.
Warri si diiganii fi si balleessanis si dhiisanii ni deemu.
18 Ol jedhiitii guutummaa naannoo keetii ilaali.
Hundi isaanii walitti qabamaa jiru.+
Gara kee dhufaa jiru.
Yihowaan akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataadhaan nan kakadha,
Ati akkuma faayaatti hunda isaaniitiin of miidhagsita,
Akkuma misirroon gootuttis ofitti isaan maxxansita.
19 Iddoowwan kee kan mancaʼanii fi kan diigaman, lafti kees kan one taʼus,+
Amma warra achi jiraatanitti baayʼee ni dhiphatu,+
20 Ilmaan ijoolleen kee erga dhumanii booda dhalatan utuma ati dhageessuu,
‘Bakki kun baayʼee natti dhiphateera.
As akkan jiraadhuuf iddoo naaf kenni’ jedhu.+
21 Atis garaa keetti,
‘Ani dubartii ijoolleen ishii jalaa duʼanii fi dhabduu,*
Kan boojiʼamtee fi mana hidhaatti kan galte taʼee utuun jiruu,
Abbaan ijoollee kana naaf dhalche eenyu?
Ijoollee kana kan guddise hoo eenyu?+
22 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
Isaan ijoollee dhiiraa kee harka* isaaniitti qabatanii ni fidu,
Ijoollee durbaa kees gateettii isaaniitti ni baatu.+
23 Mootonni eegdota siif ni taʼu,+
Ijoolleen durbaa isaaniis guddiftoota kee ni taʼu.
Isaan lafatti gombifamanii siif ni sagadu,+
Awwaara miila keetiis ni arraabu,+
Atis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatta;
Warri na abdatan hin qaanaʼan.”+
24 Warri qabaman nama jabaa harkaa baafamuu dandaʼuu?
Yookiin warri cunqursitootaan boojiʼaman gadhiisifamuu dandaʼuu?
25 Yihowaan garuu akkana jedha:
“Warri nama jabaadhaan boojiʼaman illee isa harkaa ni baafamu,+
Warri cunqursitootaan boojiʼamanis ni gadhiisifamu.+
Warra si morman nan morma,+
Ilmaan kees nan oolcha.
26 Warri si cunqursan foon ofii isaanii akka nyaatan nan godha,
Isaan akkuma daadhii wayinii miʼaawaatti dhiiga ofii isaaniitiin ni machaaʼu.
Namoonni* hundis ani Yihowaa,
Fayyisaa kee,+ isa si furuu+ fi
Isa Humna Qabeessa kan Yaaqoob+ taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.”+
50 Yihowaan akkana jedha:
“Waraqaan ragaa+ haadha keessan ishiin ariʼe sana hiikuu koo argisiisu eessa jira?
Yookiin warra liqii na irraa qaban keessaa isa kamittan isin gurgure?
Kunoo, isin kan gurguramtan balleessaa+ ofii keessaniitiin kan kaʼe dha,
Haati keessan kan ariʼamtes yakka ofii keessaniitiin kan kaʼe dha.+
2 Maarree, yommuun dhufetti namni tokko illee asitti kan hin argamne maaliifi?
Yommuun waametti, namni tokko illee kan hin owwaanne maaliifi?+
Isin furuuf harki koo gabaabaa dhaa?
Yookiin isin oolchuuf humna dhabeenii?+
Qurxummiiwwan isaanii bishaan dhabanii ni tortoru,
Dheebotaniis ni duʼu.
3 Samiiwwanitti dukkana nan uwwisa,+
Uffata gaddaatiinis isaan nan haguuga.”
4 Isa dadhabeef dubbii sirrii taʼetti* fayyadamee akkamitti deebii* akkan kennu akkan beekuuf,+
Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan arraba warra baratanii* naaf kenneera.+
Inni ganama ganama na dammaqsa;
Akkuma warra barataniitti akkan dhagaʼuuf gurra koo ni dammaqsa.+
Kallattii faallaa taʼetti hin gorre.+
Fuula koo wantoota nama salphisanii fi warra natti tufan jalaa hin dhoksine.+
7 Haa taʼu malee, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan na gargaara.+
Akkan salphadhe kan natti hin dhagaʼamne kanaafi.
Fuula koo akka dhagaa jabaa kanan godhe kanaafi,+
Akkan hin qaanofnes beeka.
8 Inni qajeelaa taʼuu koo dubbatu natti dhihoo jira.
Eenyutu na himachuu* dandaʼa?+
Mee waliin haa dhaabbannu.*
Kan na himatu eenyu?
Mee natti haa dhihaatu.
9 Kunoo, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan na gargaara.
Eenyutu yakkamaa na godha?
Kunoo, hundi isaanii akkuma uffataatti ni bututu.
Biliinis isaan ni nyaata.
10 Isin gidduudhaa Yihowaa kan sodaatu,
Sagalee tajaajilaa isaas kan dhagaʼu eenyu?+
Dukkana cimaa ifni keessa hin jirre keessa kan deeme eenyu?
Inni maqaa Yihowaatti haa amanamu, Waaqa isaattis haa hirkatu.
11 “Kunoo, isin warri ibidda qabsiistan,
Warri qaanqeen akka barrisu gootan,
Ifa ibidda keessanii keessa,
Qaanqee qabsiistan gidduus deemaa.
Wanti isin harka koo irraa argattan kana dha:
Dhiphina guddaadhaan ni ciistu.
51 “Isin warri qajeelummaa duukaa buutan,
Isin warri Yihowaa barbaaddattan, na dhagaʼaa.
Qarsaa isa keessaa bocamtanii baatan sana,
Kaabaa isa keessaa qotamtanii baatan sanas ilaalaa.
3 Yihowaan Xiyooniin ni jajjabeessa.+
Inni diiggaawwan ishii hundumaa ni jajjabeessa,+
Lafa onaa ishii akkuma Eedan,+
Gammoojjii ishiis akkuma iddoo biqiltuu Yihowaa ni godha.+
Gammachuunii fi ililchi,
Galannii fi faarfannaan namatti tolus ishii keessatti ni argama.+
4 Yaa uummata koo, xiyyeeffannaadhaan na dhagaʼi,
Yaa saba koo, gurra kee natti qabi.+
5 Qajeelummaan koo dhihaateera.+
Odolawwan na abdatu,+
Irree koos ni eeggatu.
6 Ija keessan gara samiiwwaniitti ol kaasaa,
Gara lafaattis gad ilaalaa.
Sababiin isaas, samiiwwan akkuma aaraatti ni bittinnaaʼu;
Lafti akkuma uffataatti ni bututti,
Jiraattonni ishiis akkuma bookee ni dhumu.
Qoosaa namoota duuti eeggatu sanaa hin sodaatinaa,
Arrabsoo isaaniitiin kan kaʼes hin romʼinaa.
8 Sababiin isaas, biliin akkuma uffataatti isaan ni nyaata;
Qajeelummaan koo garuu bara baraaf,
Fayyisuun koos dhaloota hundumaa keessatti itti fufa.”+
9 Yaa irree Yihowaa,+
Dammaqi! Dammaqi! Jabinas uffadhu!
Akka yeroo bara duriitti, akka yeroo dhalootawwan darbaniitti taʼettis dammaqi.
10 Inni galaanicha, bishaan balʼaa isa gad fagoo taʼe sana gogse,+
Warri furaman akka ceʼaniif, galaana gad fagoos daandii godhe si mitii?+
11 Warri Yihowaan fure ni deebiʼu.+
Ni gammadu, ni ililchus,
Gaddii fi aaduun achii ni baqatu.+
12 “Kan isin jajjabeessu anuma.+
Maarree, nama duʼu,
Ilma namaa isa akka marga lalisaatti coolligus maaliif sodaatta?+
13 Yihowaa isa Uumaa kee taʼe,+
Isa samiiwwan diriirsee+ fi buʼuura lafaa kaaʼe kan irraanfattu maaliifi?
Akka waan inni si balleessuu dandaʼuutti,
Guyyaa guutuu dheekkamsa isa cunqursu* sanaa ni sodaatta turte.
Maarree amma dheekkamsi isa cunqursu sanaa eessa jira?
14 Inni funcaadhaan hidhamee gad jedhe sun dhiheenyatti ni hiikama;+
Inni hin duʼu, boollattis hin seenu,
Nyaatas hin dhabu.
15 Ani garuu Waaqa kee Yihowaa
Isa galaana sochoosee dambaliiwwan isaa warraaqsu,+
Isa maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼe dha.+
16 Ani samiiwwan dhaabuuf, buʼuura lafaas kaaʼuuf,+
Xiyooniinis, ‘Ati saba koo ti’+ jechuuf,
Dubbii koo afaan kee keessa nan kaaʼa,
Gaaddisa harka kootiitiinis sin golga.+
17 Yaa Yerusaalem, Dammaqi! Dammaqi! Kaʼi!+
Ati harka Yihowaa irraa xoofoo dheekkamsaa isaa fudhattee dhugdeetta.
Xoofoo sana keessaa dhugdeetta;
Xoofoo nama gatantarsu keessaa xuruursitee dhugdeetta.+
18 Ilmaan ishiin deesse hundumaa keessaa kan ishii geggeessu tokko illee hin jiru,
Ilmaan ishiin guddiste hundumaa keessaas harka ishii kan qabe tokko illee hin jiru.
19 Wantoonni lamaan kun si irra ni gaʼu.
Eenyutu siif gadda ree?
Badiisni, barbadaaʼuun, beellii fi goraadeen sitti dhufa!+
Eenyutu si jajjabeessa ree?+
20 Ilmaan kee gaggabaniiru.+
Akkuma hoolaa bosonaa saaphanaan qabameetti,
Qarqara* daandii hundumaa ni ciciisu.
Dheekkamsa Yihowaa, adaba Waaqa keetiis quufaniiru.”
21 Yaa dubartii rakkina irra buutee fi daadhii wayiniitiin taʼuu baatus machoofte nana,
Maaloo, kana dhagaʼi.
22 Gooftaan kee Yihowaan, Waaqni kee inni saba isaatiif falmu akkana jedha:
“Kunoo, ani xoofoo nama gatantarsu,+
Xoofoo, eeyyee, xoofoo dheekkamsaa koo si harkaa nan fudhadha;
Atis matumaa lammata isa hin dhugdu.+
23 Anis xoofoo sana harka warra si dhiphisan,
Warra, ‘Nuti akka si irra deemnuuf gombifami!’ siin jedhan sanaa keessa nan kaaʼa.+
Atis akka si irra deemaniif
Dugda kee akkuma lafaa, akkuma daandiis isaaniif gooteetta.”
52 Yaa Xiyoon, dammaqi! Dammaqi! Jabinas uffadhu!+
Yaa Yerusaalem ishii magaalaa qulqulluu taate nana, uffata kee isa bareedaa uffadhu!+
Sababiin isaas, kana booda dhaqna kan hin qabannee fi xuraaʼaa kan taʼe sitti hin seenu.+
2 Yaa Yerusaalem, awwaara kee hurgufadhu, kaʼiitii teessoo irra taaʼi.
Yaa intala Xiyoon ishii boojiʼamte nana, hidhaa morma kee irra jiru hiikkadhu.+
3 Sababiin isaas, Yihowaan,
“Isin akkanumaan gurguramtanii turtan,+
Maallaqa malees ni furamtu” jedha.+
4 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
“Jalqaba irratti sabni koo namoota biyya ormaa taʼanii achi jiraachuuf gara Gibxiitti gad ni buʼan;+
Sana booda Asoor sababii malee isaan cunqursite.”
5 “Maarree, ani asii maalan godha?” jedha Yihowaan.
Yihowaan akkana jedha: “Sabni koo akkanumaan fudhatamaniiru.
Warri isaan bulchanis miira injifannootiin ni iyyu,+
Yeroo hundumaa, guyyaa guutuu maqaan koo ni tuffatama.+
6 Kanaan kan kaʼes, sabni koo maqaa koo ni beeka;+
Kanaan kan kaʼes, guyyaa sanatti inni kana dubbachaa jiru ana taʼuu koo ni beeku.
Kunoo, inni ana dha!”
Inni nagaa labsu,+
Inni wanti gaariin akka dhufu misiraachoo himu,
Inni fayyina labsu,
Inni Xiyooniin, “Waaqni kee Mootii taʼeera!”+ jedhu miilli isaa gaarota irratti akkam bareeda!
8 Dhagaʼi! Waardiyyoonni kee ni iyyu.
Isaan yommuu Yihowaan Xiyooniin deebisee walitti qabu ifatti* waan arganiif,
Tokkummaadhaan ni ililchu.
9 Isin diiggaawwan Yerusaalem, gammadaa, tokkummaadhaanis ililchaa,+
Sababiin isaas, Yihowaan saba isaa jajjabeesseera;+ Yerusaalemiinis fureera.+
10 Yihowaan saboota hundumaa duratti irree isaa mulʼiseera;+
Guutummaan andaara lafaas gochawwan fayyinaa* Waaqni keenya raawwatu ni argu.+
11 Irraa goraa, irraa goraa, achii baʼaa,+ wanta xuraaʼaa tokko illees hin tuqinaa!+
12 Yihowaan isin dura waan deemuuf,+
Waaqni Israaʼel duuba keessaniin waan isin eeguufis,+
Naasuudhaan achii hin deemtan,
Baqachuunis isin hin barbaachisu.
13 Kunoo, tajaajilaan koo+ hubannaadhaan tarkaanfii fudhata.
Inni ol kaafama,
Ol qabama, ulfina guddaas ni argata.+
14 Bifti isaa nama kam iyyuu caalaa,
Dhaabbiin isaa inni nama hawwatus ilma namaa kam iyyuu caalaa mancaʼuu isaatiin kan kaʼe,
Namoonni dinqisiifannaadhaan isa ilaalan akkuma hedduu taʼan,
15 Innis saboota hedduu ni rifachiisa.+
Wanta isaanitti hin himamne waan arganiif,
Wanta hin dhageenyeefis xiyyeeffannaa waan kennaniif,+
53 Wanta nu irraa dhagaʼetti* kan amane eenyu?+
Irreen Yihowaa+ hoo eenyutti mulʼifame?+
2 Inni akkuma latii+ isa* dura jiruutti, akkuma hidda lafa gogaa keessaa baʼeetti ni dhufa.
Inni dhaabbii nama hawwatus taʼe simboo hin qabu;+
Yommuu isa arginettis bifti isaa ofitti nu hin harkisne.*
Akka waan fuulli isaa nu jalaa dhokfamee taʼee ture.*
Inni kan tuffatame ture, nutis akka waan gatii hin qabneetti isa ilaalle.+
Nuti garuu akka waan dhaʼichi irra gaʼetti, akka waan Waaqayyo isa rukutettii fi akka waan miidhametti isa ilaalle.
6 Hundi keenya akkuma hoolaa asii fi achi ni joorre,+
Tokkoon tokkoon keenyas daandii mataa mataa keenyaa irra ni deemne,
Yihowaanis balleessaan hunda keenyaa isa irra akka buʼu ni godhe.+
Inni akkuma hoolaatti qalmaaf ni geeffame;+
Akkuma hoolaa goromtii warra rifeensa ishii muran duratti calluma jettuus ni taʼe;
Afaan isaas hin saaqqanne.+
8 Murtii sirrii hin taaneen* ni fudhatame;
Hidda dhalootaa* isaa tokko tokkoon beekuuf xiyyeeffannaa kan kennu eenyu?
Sababiin isaas, inni biyya warra jiraatoo keessaa balleeffameera;+
9 Inni balleessaa* kan hin raawwannee fi
Dubbii gowwoomsaan afaan isaa keessatti kan hin argamne taʼus,+
10 Haa taʼu malee, isa caccabsuun fedhii Yihowaa ture,* inni akka dhukkubsatus ni heyyame.
Ati aarsaa yakkaa gootee lubbuu isaa yoo dhiheessite,+
Inni sanyii isaa ni arga, umuriin isaas ni dheerata,+
11 Dhiphina isaatiin* kan kaʼe buʼaa isaa argee ni gammada.
Tajaajilaan koo+ inni qajeelaan beekumsa isaatiin
Namoonni hedduun ejjennoo qajeelaa akka qabaatan ni godha,+
Yakka isaaniis ni baata.+
12 Kanaan kan kaʼes, namoota hedduu gidduutti gaʼee isaaf nan kenna,
Innis namoota jajjaboo wajjin boojuu ni hirata,
Sababiin isaas, inni lubbuu isaa hamma duʼaatti illee dabarsee kenneera,+
Yakkamtootaa wajjinis lakkaaʼameera;+
Cubbuu namoota hedduu ni baate,+
Yakkamtootaafis ni kadhate.+
54 “Yaa dubartii dhabduu* taatee fi ijoollee deessee hin beekne nana, ililchi!+
Ilmaan dubartii abbaa manaa* qabdu sanaa caalaa,
Ilmaan* ishii dhiifamte sanaa baayʼee waan taʼaniif,+
Yaa ishii matumaa ciniinsifattee hin beekne nana,+ gammadi, ililchis”+ jedha Yihowaan.
2 “Iddoo dunkaana keetii caalaatti balʼisi.+
Huccuuwwan dunkaanaa godoo qulqulluu kee isa guddaa diriirsi.
Hin qusatin, funyoowwan dunkaanaa kee dheeressi,
Qofoowwan dunkaanaa kees cimsi.+
3 Sababiin isaas, ati karaa mirgaas taʼe karaa bitaa ni babalʼatta.
Sanyiin kee saboota ni dhaalu,
Magaalota onan keessas ni jiraatu.+
Qaanii ijoollummaa keetti si irra gaʼe ni irraanfatta,
Salphina dubartii abbaan manaa irraa duʼe taʼuu keetiin si irra gaʼes kana booda hin yaadattu.”
5 “Sababiin isaas, Uumaan kee inni Guddichi+ siif akka abbaa manaa* ti,+
Maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti,
Inni si furus+ Isa Qulqulluu kan Israaʼeli.
Inni Waaqa guutummaa lafaa jedhamee ni waamama.+
6 Sababiin isaas, Yihowaan akka haadha manaa dhiifamtee fi gadda guddaa irra buuteetti,*+
Akka haadha manaa ijoollummaatti heerumtee sana booda jibbamteetti si waameera” jedha Waaqni kee.
7 “Ani yeroo xinnoodhaaf si dhiiseera,
Taʼus, gara laafina guddaadhaan deebisee walitti sin qaba.+
8 Yeroo xinnoodhaaf dheekkamsa akka lolaa taʼeen fuula koo si jalaa dhokseera,+
Taʼus, jaalala amanamaa bara baraatiin gara laafina sitti nan argisiisa”+ jedha Yihowaan inni si furu.+
9 “Kun anaaf akkuma bara Nohi.+
Bishaan bara Noh sana booda lafa akka hin uwwisne akkuman kakadhee turetti,+
Kana booda akkan sitti hin dheekkamne yookiin akkan si hin ifanne nan kakadha.+
10 Gaaronni iddoo isaaniitii kaafamuu,
Tabbawwanis raafamuu dandaʼu,
Jaalalli koo inni amanamaan garuu si irraa hin kaafamu,+
Kakuun nagaa kootiis hin raafamu”+ jedha Yihowaan inni gara laafina sitti argisiisu.+
11 “Yaa dubartii cunqurfamtuu,+ obomboleettiidhaan asii fi achi oofamtuu fi jajjabina hin arganne nana,+
Dhagoota kee leelee* cimaadhaan nan ijaara,
12 Fiixee dallaa magaalaa keetii ruubiidhaan,*
Karrawwan kee dhagoota cululuqaniin,*
Daangaawwan kee hundumaas dhagoota gatii guddaa qabaniin nan ijaara.
14 Ati qajeelummaadhaan jabaattee ni dhaabamta.+
Hacuuccaan si irraa ni fagaata,+
Waan sitti hin dhihaanneef, homaa hin sodaattu,
Sababa itti jeeqamtus hin qabaattu.+
15 Kan si miidhu yoo jiraate,
Inni kana kan godhu ajaja kootiin miti.
Si haleeluuf kan dhufu kam iyyuu ni moʼama.”+
16 “Kunoo, ogeessa harkaa,
Isa ibidda cilee afuufu kan uume anuma;
Hojiin isaas meeshaa waraanaa qopheessuu dha.
Akka badiisa geessisuuf, nama badiisa fidu kan uumes anuma.+
17 Meeshaan waraanaa si balleessuuf tolfamu kam iyyuu milkaaʼina hin argatu,+
Arraba si yakkuuf kaʼu kam iyyuu yakkamaa ni goota.
Dhaalli tajaajiltoota Yihowaa kana dha,
Qajeelummaan isaaniis ana biraa argama” jedha Yihowaan.+
55 Isin warri dheebottan hundi,+ kottaa! Gara bishaaniitti kottaa!+
Isin warri maallaqa hin qabne, kottaa, bitadhaatii nyaadhaa.
Eeyyee, kottaatii maallaqa malee, gatii malees+ daadhii wayinii fi aannan bitadhaa.+
2 Wanta nyaata hin taaneef maaliif maallaqa baastu?
Wanta nama hin quubsineefis maaliif mindaa keessan* baalleessitu?
Xiyyeeffannaadhaan na dhaggeeffadhaa, wanta gaarii taʼe nyaadhaa,+
Nyaata dhugumaan gaarii taʼeenis* gammachuu guddaa ni argattu.+
3 Gurra keessan natti qabaa, gara koos kottaa.+
Dhagaʼaa, lubbuudhaanis ni jiraattu,
Anis jaalala amanamaa hin badne isa Daawititti argisiifamee wajjin haala wal simuun,+
Fedhii kootiin isinii wajjin kakuu bara baraa nan gala.+
5 Kunoo, ati saba hin beekne tokko ni waamta,
Inni ulfina waan sii kennuuf,+
Waaqa kee Yihowaa isa Qulqulluu kan Israaʼeliif jecha,+
Warri saba si hin beekne keessa jiran gara keetti ni fiigu.
6 Yeroo inni argamutti Yihowaa barbaaddadhaa.+
Yeroo inni dhihoo jiruttis isa waammadhaa.+
7 Namni hamaan daandii isaa,
Namni jalʼaanis yaada isaa haa dhiisu;+
Dhiifamni isaa guddaa waan taʼeef,*+
Gara Yihowaa isa gara laafina itti argisiisutti, gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu.+
8 “Sababiin isaas, yaanni koo yaada keessanii wajjin,
Daandiin koos daandii keessanii wajjin tokko miti”+ jedha Yihowaan.
9 “Akkuma samiin lafa irraa ol fagaatu,
Daandiin koo daandii keessan irraa,
Yaanni koos yaada keessan irraa fagoo dha.+
10 Bokkaanii fi cabbiin samii irraa gad buʼee,
Lafa jiisuudhaan oomisha akka argamsiistuu fi akka biqilchitu,
Isa facaasuuf sanyii, isa nyaatuufis nyaata akka kennitu utuu hin godhin akkuma ol hin deebine,
Dhugumaan wantan itti gammadu* ni raawwata,+
Wantan itti isa erges fiixaan ni baasa malee
Akkanumaan gara kootti hin deebiʼu.+
Gaaronnii fi tabbawwan isin duratti gammachuudhaan ni ililchu,+
Mukeetiin dirree hundis harka isaanii walitti ni rukutu.+
13 Bakka harangamaa mukti birbirsaa,+
Bakka doobbiis mukti hadaasii ni biqila.
56 Yihowaan akkana jedha:
“Fayyisuun koo dhiheenyatti waan dhufuuf,
Qajeelummaan koos waan mulʼifamuuf,+
Haqa deggeraa,+ wanta qajeelaa taʼes raawwadhaa.
2 Namni kana raawwatu,
Ilmi namaa kanatti maxxanu,
Inni Sanbata eeguu fi isa hin xureessine,+
Inni hammina akkamii iyyuu raawwachuu irraa harka isaa deebisus gammadaa dha.
3 Namni biyya ormaa Yihowaatti maxxane,+
‘Yihowaan dhugumaan saba isaa irraa adda na baasa’ jechuu hin qabu.
Xuʼaashiinis, ‘Kunoo, ani muka goge dha’ jechuu hin qabu.”
4 Yihowaan xuʼaashota sanbatawwan isaa* eegan, warra wanta isa gammachiisu filatanii fi kakuu isaatti maxxananiin akkana jedha:
5 “Ani mana koo keessatti, dallaawwan koo keessattis siidaa yaadannoo fi maqaa,
Isa ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa irra caalu isaaniif nan kenna.
Maqaa bara baraa,
Isa hin badne isaaniif nan kenna.
6 Namoota biyya ormaa warra isa tajaajiluuf,
Maqaa Yihowaa jaallachuuf,+
Tajaajiltoota isaa taʼuufis Yihowaatti maxxanan,
Warra Sanbata eeganii fi isa hin xureessine,
Warra kakuu koo cimsanii eegan hundumaa,
7 Gara gaara koo isa qulqulluutti nan geessa,+
Mana kadhannaa koo keessattis isaan nan gammachiisa.
Aarsaawwan isaanii warri guutummaatti gubamanii fi aarsaawwan isaanii warri kaan iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argatu.
Sababiin isaas, manni koo saboota hundumaatiif mana kadhannaa jedhama.”+
8 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan inni warra Israaʼel keessaa bittinnaaʼan walitti qabu,+
“Ani warra walitti qabamanii jiran sana malees, warra kaan gara isaatti walitti nan qaba”+ jedha.
9 Isin bineensonni bosonaa hundi,
Isin bineensonni bosonaa daggala keessa jirtan hundi, kottaatii nyaadhaa.+
10 Waardiyyoonni isaa jaamota dha,+ tokkoon isaanii illee kana hin hubanne.+
Hundi isaanii saroota duudaa, dutuu hin dandeenye dha.+
Isaan harganaa jiru, ciisaa jiru, hirribas ni jaallatu.
11 Isaan saroota fedhii nyaataa guddaa* qabani dha;
Matumaas hin quufan.
Isaan tiksitoota hubannaa hin qabne dha.+
Hundi isaanii karaa mataa mataa isaanii deemaniiru;
Tokkoon tokkoon isaanii buʼaa sirrii hin taane argachuu barbaadu, akkanas ni jedhu:
12 “Mee daadhii wayinii xinnoon dhuga,
Hamma quufnutti dhugaatii alkoolii haa dhugnu.+
Guyyaan boruu akkuma guyyaa harʼaa taʼa, caalaatti iyyuu gaarii taʼa!”
57 Namni qajeelaan badeera,
Garuu eenyu iyyuu kana hin qalbeeffanne.
Namoonni amanamoon fudhatamaniiru,*+
Garuu eenyu iyyuu namni qajeelaan
Rakkinaan kan kaʼe* fudhatamuu isaa hin hubanne.
2 Inni nagaa ni argata.
Warri qajeelinaan deddeebiʼan hundi siree isaanii irratti* ni boqotu.
3 “Yaa ilmaan ishii falfala raawwattu sanaa,
Yaa ijoollee ejjituu fi sagaagaltuu sanaa,
Isin garuu as dhihaadhaa,
4 Eenyutti qoosaa jirtu?
Afaan keessan balʼistanii kan bantanii fi arraba keessan kan baastan eenyu irratti?
Isin ijoollee yakkaa,
Ijoollee sobaa kan taatan,+
5 Isin warra mukeetii guguddaa gidduutti,
Muka lalisaa hundumaa jalattis kajeellaadhaan gubattan,+
Warra sulula* keessatti,
Baqaqaa kattaa keessattis ijoollee gorraatan mitii?+
6 Gaʼeen kee dhagoota cululuqoo sulula* keessa jirani dha.+
Eeyyee, carraan kee kanneen kana dha.
Ati isaaniif illee aarsaa dhugaatii ni dhangalaasta, kennaawwanis ni dhiheessita.+
Ani wantoota kanatti gammaduun qabaa?*
7 Ati gaara dheeraa fi ol kaʼaa taʼe irratti siree kee ni afatte,+
Aarsaa dhiheessuufis achitti ol ni baate.+
8 Balbalaa fi maqaanii duuba siidaa yaadannoo kee ni dhaabde.
Na dhiiste, uffata kees of irraa baaste;
Ol ni baate, siree kees ni balʼifatte.
Isaanii wajjinis kakuu galte.
Isaanii wajjin siree isaanii irra ciisuu jaallatte,+
Qaama saalaa dhiiraas xiyyeeffannaadhaan ilaalte.*
9 Zayitii qabattee,
Urgooftuu hedduus qabattee gara Meeleekitti* gad ni buute.
Gara Awwaalaatti* gad buʼuuf jettee,
Ergamtoota kee fagootti ni ergite.
10 Daandiiwwan kee hedduu duukaa buʼuuf ni dhamaate,
Garuu, ‘Kun abdii hin qabu!’ hin jenne.
Ati humna haaraa ni argatte.
Abdiis kan hin kutanne* kanaafi.
11 Soba kan jalqabde,+
Eenyuun sodaattee ti? Kan si naasise hoo eenyu?
Ati na hin yaadanne.+
Homaas hin qalbeeffanne.+
Ani calluma hin jennee? Dubbachuu irraa hoo of hin qusannee?*+
Kanaafuu, ati na hin sodaanne.
12 Ani ‘qajeelummaan’+ kee fi hojiiwwan+ kee akka beekaman nan godha,
Isaanis faayidaa siif hin argamsiisan.+
13 Yommuu gargaarsa argachuuf iyyattutti,
Waaqolii tolfamoon walitti qabatte si hin oolchan.+
Bubbeen hunduma isaanii fudhatee sokka,
Hafuurri afaanii baʼus isaan haree sokka,
Namni anatti kooluu galu garuu biyyattii ni dhaala,
Gaara koo isa qulqulluus kan ofii godhata.+
14 ‘Ijaaraa, daandii ijaaraa! Daandii qopheessaa!+
Gufuu kam iyyuu daandii saba kootii irraa balleessaa’ ni jedhama.”
15 Sababiin isaas, inni Ol Kaʼaan,
Inni bara baraaf jiraatuu+ fi maqaan isaa qulqulluu+ taʼe akkana jedha:
“Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu keessan jiraadha,+
Haa taʼu malee, hafuura warra rakkatoo haaressuuf,
Garaa warra caccabaniis haaressuuf,
Warra caccabanii fi warra gaddanii wajjinis nan taʼa.+
16 Sababiin isaas, ani bara baraaf isaan hin mormu
Yookiin yeroo hundumaa hin dheekkamu;+
Anaan kan kaʼe hafuurri namaa ni dadhaba,+
Uumamawwan hafuura baafatan warri ani tolche illee ni dadhabu.
17 Inni cubbamaa taʼuu isaatiin buʼaa sirrii hin taane argachuuf yaalii gochuu isaatti nan aare,+
Kanaafuu, isa nan rukute, fuula koo nan dhokse, nan dheekkames.
Inni garuu daandii garaa isaa hordofuudhaan gantuu taʼuu isaa itti fufe.+
18 Ani daandiiwwan isaa argeera,
Garuu isa nan fayyisa,+ isa nan geggeessa,+
Isaa fi namoota isaa warra gaddanis deebisee nan jajjabeessa.”*+
19 “Ani firii hidhii nan uuma.
Isa fagoo jiruufis, isa dhihoo jiruufis nagaan wal irraa hin cinne ni kennama,+
Anis isa nan fayyisa” jedha Yihowaan.
20 “Hamoonni garuu akkuma galaana gabii hin qabnee fi cal jechuu hin dandeenyee ti,
Bishaanonni isaas biqiltuu galaanaa fi dhoqqee ol ni baasu.
21 Hamoonni nagaa hin qaban”+ jedha Waaqni koo.
58 “Iyyaatii waamaa; of hin qusatinaa!
Akka xurumbaatti sagalee keessan ol kaasaa.
Saba kootti fincila isaanii,+
Mana Yaaqoobittis cubbuu isaanii beeksisaa.
2 Isaan akka waan saba qajeelummaa raawwachaa ture taʼaniitti,+
Akka waan haqa Waaqa isaanii hin dhiisneettis,
Guyyaa guyyaadhaan na barbaaddatu,
Daandiiwwan koo beekuun akka isaan gammachiisus ni dubbatu.
Akka waan Waaqayyotti dhihaachuun isaan gammachiisuutti,
Murtii qajeelaa akkan isaaniif kennu na gaafatu, akkana jedhu:+
3 ‘Yommuu soomnu maaliif hin argitu?+
Yommuu of* cunqursinu maaliif hin qalbeeffattu?’+
Kun kan taʼe, guyyaa soomtanitti faayidaa* ofii keessanii duukaa waan buutaniif,
Warra hojjechiifattanis waan hacuuccaniifi.+
4 Soomni keessan walitti buʼiinsaa fi lolaan xumurama,
Isinis aboottee hamminaatiin nama rukuttu.
Akka harʼa soomaa jirtanitti utuma soomtanii sagaleen keessan samii keessatti akka dhagaʼamu gochuu hin dandeessan.
5 Soomni ani filadhe akkana taʼuu qabaa?
Guyyaa namni itti of* cunqursu,
Akka migiraatti mataa isaa itti gad gombisu,
Uffata gaddaa fi daaraa irra itti ciisu taʼuu qabaa?
Inni isin sooma jettanii fi guyyaa Yihowaa gammachiisu jettan isa kanaa?
6 Lakki, kanaa mannaa soomni ani filadhu isa kana:
Funcaa hamminaa akka balleessitan,
Hidhaa waanjoo akka hiiktan,+
Warra cunqurfaman akka gadhiistan,+
Waanjoo kam iyyuu bakka lamatti akka cabsitani dha;
7 Isa beelaʼeef nyaata kee akka qooddu,+
Isa hiyyeessaa fi isa mana hin qabne mana keetti akka fiddu,
Nama daare yommuu argitu akka daara baastu,+
Fira keettis akka dugda hin garagalchine dha.
8 Akkana yoo goote, ifni kee akkuma barraaqaatti ni ifa,+
Atis daftee ni fayyita.
Qajeelummaan kee si dura ni deema,
Ulfinni Yihowaas duuba keetiin si eega.+
9 Yeroo sanatti, ati ni waammatta, Yihowaanis deebii siif kenna;
Gargaarsa argachuuf ni iyyatta, innis, ‘Kunoo, asan jira!’ siin jedha.
Of gidduudhaa waanjoo yoo balleessite,
Quba namatti qabuu fi hammina dubbachuu kee yoo dhiiste,+
10 Isa beelaʼeef wantuma ofii keetiif barbaaddu* yoo kennite,+
Warra* cunqurfamanis yoo quubsite,
Ifni kee dukkana keessatti illee ni ifa,
Dukkanni kees akkuma guyyaa saafaa ni taʼa.+
11 Yihowaan yeroo hundumaa si geggeessa,
Biyya waxalamaa keessatti illee si* quubsa;+
Lafeewwan kee ni jabeessa,
Atis akkuma iddoo biqiltuu akka gaariitti bishaan argatee,+
Akkuma burqaa matumaa bishaan keessaa hin dhabamnee ni taata.
12 Isaanis siif jedhanii diiggaawwan bara durii deebisanii ni ijaaru,+
Atis buʼuurawwan dhaloota darban sanaa iddoo isaaniitti ni deebista.+
Isa dallaawwan diigaman* haaressu,
Daandiiwwan namoonni bira jiraatan deebisee ijaaru sana jedhamtees ni waamamta.+
13 Sanbataaf jettee guyyaa koo isa qulqulluutti faayidaa* ofii keetii duukaa buʼuu irraa yoo of qusatte,*+
Sanbata guyyaa gammachuu guddaa, guyyaa qulqulluu kan Yihowaa, guyyaa ulfina qabeessa jettee yoo waamte,+
Faayidaa ofii keetii duukaa buʼuu fi dubbii gatii hin qabne dubbachuu mannaa yoo isa kabajje,
14 Yihowaatti baayʼee ni gammadda,
Anis iddoowwan ol kaʼoo lafaa irra akka guluftu nan godha.+
59 Kunoo, harki Yihowaa gabaabbatee fayyisuu hin dadhabne,+
2 Lakki, Waaqa keessan irraa kan adda isin baase balleessaa keessani.+
Fuula isaa akka isin jalaa dhoksu kan godhe cubbuu keessani,
Innis isin dhagaʼuu ni dide.+
3 Sababiin isaas, barruun keessan dhiigaan,
Qubni keessanis yakkaan faalameera.+
Hidhiin keessan soba dubbata,+ arrabni keessanis waaʼee jalʼinaa gunguma.
4 Eenyu illee qajeelummaa hin waammatu,+
Eenyu illees dhugaadhaan gara mana murtii hin deemu.
Isaan wanta hin jirretti* amanamu,+ wanta gatii hin qabnes ni dubbatu.
Rakkina ni ulfaaʼu, wanta nama miidhus ni dhalu.+
5 Hanqaaquu bofa summii qabuu keessaa cuucii ni yaasu,
Manʼee sarariitiis ni dhaʼu.+
Namni hanqaaquu isaanii nyaatu kam iyyuu ni duʼa,
Hanqaaquu cabe sana keessaas buutiin ni yaaʼa.
6 Manʼeen sarariitii sun uffata hin taʼu,
Isaanis wanta tolfatan sana hin uffatan.+
Hojiin isaanii miidhaa kan geessisu dha,
Gochi jalʼinaas harka isaanii keessa jira.+
7 Miilli isaanii hammina raawwachuutti fiiga,
Isaan dhiiga qulqulluu dhangalaasuuf ariifatu.+
Yaanni isaanii kan nama miidhu dha;
Badiisnii fi gadadoon daandii isaanii irra jira.+
8 Isaan daandii nagaa hin beekan,
Karaa isaanii irras haqni hin jiru.+
Daandii isaanii micciiramaa ni godhu;
Namni achi irra deemu kam iyyuu nagaa hin beeku.+
9 Haqni kan nu irraa fagaate,
Qajeelummaanis nu bira kan hin geenye kanaafi.
Nuti ifa abdanne, garuu kunoo, dukkanatu taʼe;
Guyyaa ifaa taʼe ni abdanne, garuu kunoo, dukkana keessa deemaa jirra.+
10 Akkuma namoota jaamaatti dallaa qaqqabanna;
Akkuma warra ija hin qabneettis qaqqabachaa deemna.+
Akkuma dukkana galgalaatti guyyaa saafaa ni gufanna;
Warra jajjaboo gidduuttis akkuma namoota duʼanii taaneerra.
11 Akkuma amaaketaatti ni gururiina,
Akkuma gugeettis gaddaan ni aadna.
Haqa abdanne, garuu homtuu hin jiru;
Fayyina abdanne, inni garuu nu irraa fagoo dha.
12 Sababiin isaas, yakki keenya si duratti hedduu dha;+
Cubbuun keenya hundis nu irratti ragaa baʼa.+
Yakki keenya nuu wajjin jira;
Balleessaa keenyas akka gaariitti beekna.+
13 Yakka raawwanneerra, Yihowaas ganneerra;
Waaqa keenya irraa garagalleerra.
Waaʼee cunqursaa fi waaʼee yakkaa dubbanneerra;+
Soba ulfoofneerra, garaadhaas waaʼee dubbii sobaa gungumneerra.+
14 Haqni duubatti deebifameera,+
Qajeelummaanis fagoo dhaabbata;+
Sababiin isaas, dhugaan addabaabayii keessatti gufateera,
Wanti qajeelaanis seenuu hin dandeenye.
15 Dhugaan badeera,+
Namni hammina irraa goru kam iyyuu saamameera.
16 Inni namni tokko illee akka hin jirre ni arge,
Namni araarsu tokko illee dhabamuun isaa isa ajaaʼibsiise,
Kanaafuu, irreen isaa fayyina* fide,
Qajeelummaan isaas isa deggere.
17 Achiis inni akkuma kootii sibiilaatti qajeelummaa ni uffate,
18 Inni wanta isaan raawwataniif gatii isaanii isaaniif ni kenna:+
Hamajaajota isaatti dheekkamsa, diinota isaattis adaba fida.+
Odolawwaniifis gatii isaanii ni kenna.
19 Inni akkuma laga isa guute
Isa hafuurri Yihowaa oofutti waan ol seenuuf,
Dhiha biiftuu irraa maqaa Yihowaa,
Baha biiftuu irraas ulfina isaa ni sodaatu.
20 “Inni furu+ gara Xiyoon,
Gara warra Yaaqoob keessa jiranii fi yakka irraa deebiʼanii+ ni dhufa”+ jedha Yihowaan.
21 “Gama kootiin, kakuun isaanii wajjin gale kana dha”+ jedha Yihowaan. “Ammaa jalqabee bara baraaf, hafuurri koo inni si irra jiruu fi dubbiin koo inni ani afaan kee keessa kaaʼe, afaan kee, afaan ijoollee* keetii yookiin afaan ijoollee ijoollee* keetii keessaa hin badu” jedha Yihowaan.
60 “Yaa dubartii nana, ifni kee waan dhufeef, kaʼi,+ ifa kee ibsi.
Ulfinni Yihowaa si irratti ni ifa.+
2 Kunoo, dukkanni lafa ni uwwisa,
Dukkanni cimaanis saboota ni haguuga;
Si irratti garuu Yihowaan ni ibsa,
Ulfinni isaas si irratti ni mulʼata.
4 Ol jedhiitii guutummaa naannoo kee ilaali!
Hundi isaanii walitti qabamaniiru; gara kees dhufaa jiru.
5 Yeroo sanatti ati kana argitee ni gammadda,+
Onneen kee ni dhaʼata, baayʼees ni gammada,
Sababiin isaas, qabeenyi galaanaa gara keetti ni fidama;
Badhaadhinni sabootaas gara kee ni dhufa.+
6 Tuutni gaalotaa,
Ilmooleen gaalaa kormaan warri kan Miidiyaanii fi kan Eefaa+ taʼan biyya kee ni uwwisu.*
Warri Sheebaadhaa dhufan hundi,
Warqii fi ixaana adii baatanii ni dhufu.
Ulfina Yihowaas ni labsu.+
7 Bushaayeewwan Qeedaar+ hundi gara keetti walitti qabamu.
Korbeeyyiin hoolaa Nebaayot+ si tajaajilu.
Isaanis iddoo aarsaa koo irratti aarsaa fudhatama qabu ni taʼu,+
8 Warri akka duumessaatti,
Akka gugee gara manʼee ishiitti* barristuuttis barrisaa jiran kun eenyu faʼi?
9 Odolawwan na abdatu;+
Dooniiwwan Tarshiish,
Gara maqaa Waaqa kee Yihowaattii fi gara Isa Qulqulluu kan Israaʼelitti
Ilmaan kee meetii isaanii fi warqii isaanii wajjin
10 Namoonni biyya ormaa dallaawwan kee ni ijaaru,
Mootonni isaaniis si tajaajilu,+
Sababiin isaas, dheekkamsa kootiin si rukuteen ture,
Garuu, gaarummaa kootiin garaa siif nan laafa.+
11 Karrawwan kee yeroo hundumaa kan banaman ni taʼu;+
Badhaadhina sabootaa gara keetti fiduuf,
Guyyaas taʼe halkan hin cufaman,
Mootonni isaaniis dursa ni fudhatu.+
12 Sabnis taʼe mootummaan si hin tajaajille kam iyyuu ni bada,
Saboonnis guutummaatti ni balleeffamu.+
Muka birbirsaa, muka aashii fi muka gosa gaattiraa wajjin
Iddoo qulqulluu koo miidhagsuuf gara kee ni dhufa;+
Anis iddoo miilli koo dhaabbatuuf ulfina nan kenna.+
14 Ilmaan warra si cunqursan sanaa dhufanii si duratti ni sagadu;
Warri si salphisan hundis miila kee jalatti ni sagadu,
Xiyoon ishii magaalaa Isa Qulqulluu kan Israaʼel,
Magaalaa Yihowaa jedhanii si waamu.+
15 Ati kan dhiifamte, kan jibbamtee fi eenyu iyyuu kan keessa hin darbine taʼuu mannaa,+
Wanta bara baraaf ittiin boonan akka taatu,
Dhaloota hundumaa keessattis gammachuudhaaf sababa akka taatu nan godha.+
16 Atis dhugumaan aannan sabootaa ni dhugda,+
Harma moototaas ni hoota;+
Dhugumaan ani Yihowaan Fayyisaa kee akkan taʼe,
Inni Humna Qabeessi kan Yaaqoob isa si furu taʼuu isaas ni beekta.+
17 Bakka sibiila diimaa warqii,
Bakka sibiilaa meetii,
Bakka mukaa sibiila diimaa,
Bakka dhagaas sibiila nan fida;
Nagaa ilaaltuu ol aanaa kee,
Qajeelummaas isa si hojjechiisu godhee nan muuda.+
18 Kana booda biyya kee keessatti jeequmsi
Yookiin daangaawwan kee keessatti badiisnii fi diigamuun hin dhagaʼamu.+
Atis dallaawwan kee Fayyina,+ karrawwan kees Jajannaa jettee ni waamta.
19 Yihowaan ifa bara baraa,+
Waaqni kee miidhagina kee waan siif taʼuuf,+
Kana booda guyyaa aduun ifa siif hin kennitu,
Halkanis addeessi ifa siif hin kennitu.
20 Yihowaan ifa bara baraa waan siif taʼuuf,+
Guyyoonni gaddaa kees waan xumuramaniif,+
Kana booda aduun kee hin lixxu,
Addeessi kees hirʼachaa hin deemtu.
21 Namoonni kee hundi qajeelota ni taʼu;
Bara baraafis biyyattii ni dhaalu.
22 Inni xinnaan kuma,
Inni hundumaa irra xinnaatus saba jabaa ni taʼa.
Ani Yihowaan yeroo isaatti kana nan saffisiisa.”
61 Hafuurri Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa ana irra jira,+
Sababiin isaas, Yihowaan garraamotaaf misiraachoo akkan labsu na dibeera.+
Warra garaan isaanii cabe* akkan walʼaanu,
Warra boojiʼamaniif bilisa baʼuu akkan labsu,
Ijji hidhamtootaa akka banamus akkan labsu na ergeera;+
2 Waggaa gaarummaa Yihowaa,
Guyyaa Waaqni keenya haaloo itti baʼus+ akkan labsu,
Warra gaddan hundumaa akkan jajjabeessu,+
3 Warra Xiyooniif gaddan akkan kunuunsu,
Bakka daaraa shaashii,
Bakka gaddaa zayitii gammachuu,
Bakka hafuura gaddee uffata jajannaa akkan isaaniif kennu na ergeera.
Isaanis mukeetii qajeelummaa guguddaa taʼan,
Warra akka ulfina isaaf kennaniif* Yihowaan dhaabe sana jedhamanii ni waamamu.+
4 Isaanis diiggaawwan bara durii deebisanii ni ijaaru;
Iddoowwan durii warra onanii turan deebisanii ni dhaabu,+
Magaalota barbadeeffaman,
Iddoowwan dhalootaa hamma dhalootaatti onanii turan deebisanii ni ijaaru.+
5 “Warri ormaa kaʼanii bushaayeewwan keessan ni tiksu,
Namoonni biyya ormaas+ warra isiniif qotanii fi maasii wayinii keessan keessatti hojjetan ni taʼu.+
6 Isin garuu, luboota Yihowaa jedhamtanii ni waamamtu;+
Isaanis tajaajiltoota Waaqa keenyaa jedhanii isin waamu.
7 Isin bakka qaanii gaʼee dachaa ni qabaattu,
Isaanis bakka salphinaa qooda argatanitti ni ililchu.
Eeyyee, isaan biyya isaanii keessatti gaʼee dachaa ni dhaalu.+
Gammachuun bara baraas kan isaanii ni taʼa.+
Amanamummaadhaan gatii isaanii isaaniif nan kenna,
Isaanii wajjinis kakuu bara baraa nan gala.+
9 Sanyiin isaanii saboota gidduutti,
Ijoolleen isaaniis namoota gidduutti kan beekaman ni taʼu.+
Namni isaan argu hundi,
Isaan sanyii Yihowaan eebbise taʼuu isaanii ni hubata.”+
10 Ani Yihowaatti baayʼee nan gammada.
Guutummaan eenyummaa kootii* Waaqa kootti ni gammada.+
Sababiin isaas, inni uffata fayyinaa natti uwwiseera;+
Akkuma misirricha marata mataa isa kan lubaa fakkaatu+ marateetti,
Akkuma misirroo faayawwan ishiitiin of miidhagsiteettis,
Inni uffata* qajeelummaa natti mareera.
11 Akkuma lafti latiiwwan biqilchitutti,
Akkuma iddoon biqiltuu wanti irratti facaafame akka latu godhutti,
Yihowaan Gooftaa Ol Aanaanis,
Qajeelummaanii+ fi ulfinni saboota hundumaa duratti akka latu ni godha.+
62 Qajeelummaan ishii akkuma ifa guddaatti hamma ifutti,+
Fayyinni ishiis akkuma gucaatti hamma bobaʼutti,+
Ani Xiyooniif jedhee calluma hin jedhu,+
Yerusaalemiif jedhees calluma jedhee hin taaʼu.
Atis maqaa haaraa,
Isa afaan Yihowaatiin siif moggaafamuun ni waamamta.+
3 Ati harka Yihowaa keessatti gonfoo miidhaginaa,
Barruu Waaqa keetii keessattis marata mataa mootii ni taata.
4 Ati kana booda dubartii dhiifamte jedhamtee hin waamamtu,+
Biyyi kees kana booda ona jedhamtee hin waamamtu.+
Kanaa mannaa, ati Ishii Ani Itti Gammadu jedhamtee waamamta,+
Biyyi kees Ishii Heermute jedhamtee waamamti.
Sababiin isaas, Yihowaan sitti ni gammada,
Biyyi kees akkuma dubartii heerumtee ni taati.
5 Akkuma dargaggeessi durba fuudhutti,
Ilmaan kees si fuudhu.
Akkuma misirrichi misirrittiitti gammadutti,
Waaqni kees sitti gammada.+
6 Yaa Yerusaalem, ani dallaawwan kee irratti waardiyyoota muudeera.
Isaan guyyaa guutuu fi halkan guutuu yeroo hundumaa calluma jechuu hin qaban.
Isin warri waaʼee Yihowaa dubbattan,
Hin boqotinaa,
7 Hamma inni Yerusaalemiin cimsee dhaabutti,
Eeyyee, hamma inni namoonni lafa irra jiraatan hundi akka ishii jajatan godhutti boqonnaa tokko iyyuu isaaf hin kenninaa.”+
8 Yihowaan harka isaa isa mirgaa, irree isaa isa jabaas kaasee akkana jedhee kakateera:
“Kana booda nyaata akka isaaniif taʼuuf midhaan kee diinotaaf hin kennu,
Namoonni biyya ormaas daadhii wayinii kee isa haaraa isa itti dhamaate hin dhugan.+
9 Haa taʼu malee, warri midhaanicha sassaaban isa nyaatanii Yihowaa ni jajatu;
Warri firii wayinii walitti qabanis mooraa koo isa qulqulluu keessatti daadhii wayinii ni dhugu.”+
10 Darbaa, karricha keessa darbaa.
Sabichaaf daandii qopheessaa.+
Ijaaraa, daandii guddaa ijaaraa.
Dhagoota isa irraa kaasaa.+
Uummatichaaf mallattoo* tokko dhaabaa.+
11 Kunoo, Yihowaan hamma andaara lafaatti akkana jedhee labseera:
“Intala Xiyooniin,
‘Kunoo, fayyinni kee ni dhufa.+
Kunoo, badhaasni isaa isa bira jira,
Gatiin inni kaffalus isa dura jira’ jedhaa.”+
12 Isaan saba qulqulluu, isa Yihowaan fure+ jedhamanii waamamu,
Atis Ishii Barbaadamtu, Magaalaa hin Dhiifamne jedhamtee waamamta.+
63 Inni Edoomii+ dhufaa jiru,
Inni uffata halluu ifaa* qabu uffatee Boozraadhaa+ dhufaa jiru,
Inni uffata miidhagaa uffatee
Humna isaa isa guddaadhaan tarkaanfachaa dhufaa jiru kun eenyu?
“Ana isa qajeelummaadhaan dubbatu,
Isa fayyisuuf humna guddaa qabu sana dha.”
2 Uffanni kee kan diimate,
Wayyaan kee kan akka nama wayinii cuunfuu kan taʼe maaliifi?+
3 “Bakka wayinii itti cuunfan keessatti kophaa koo daadhii wayinii nan dhidhiite.
Namoota sana keessaa tokko illee anaa wajjin hin turre.
Aarii kootiin isaan dhidhiituu koo,
Dheekkamsa kootiinis isaan irra ejjechuu koo ittan fufe.+
Dhiigni isaanii wayyaa koo irratti ni facaʼe,
Anis guutummaa uffata kootii nan xureesse.
4 Sababiin isaas, guyyaan haaloo itti baʼu,
Waggaan warri ani fure itti dhufan sunis garaa koo keessa jira.+
5 Nan ilaale, garuu gargaaruuf kan dhufe tokko illee hin turre;
Gargaarsa kan kenne tokko illee waan hin jirreef nan naʼe.
6 Aarii kootiin namoota nan dhidhiite,
Dheekkamsa kootiin isaan nan macheesse,+
Dhiiga isaaniis lafa irratti nan dhangalaase.”
7 Akka gara laafina isaa fi akka jaalala isaa isa amanamaa isa guddaa taʼetti,
Wanta Yihowaan nuuf godhe hundumaatiif,+
Wantoota gaggaarii hedduu inni mana Israaʼeliif godheef,
Ani waaʼee gochawwan Yihowaa warra jaalala isaa isa amanamaa argisiisanii,
Waaʼee gochawwan Yihowaa warra jajamuu qaban sanaa nan dubbadha.
8 Sababiin isaas inni, “Dhugumaan isaan saba koo ti, ilmaan gantoota* hin taane dha”+ jedheera.
Kanaan kan kaʼes, inni Fayyisaa isaanii ni taʼe.+
9 Yeroo isaan dhiphatan hundumaatti, innis ni dhiphate.+
Ergamaan dhuunfaa isaas* isaan ni oolche.+
Jaalala isaa fi gara laafina isaatiin isaan ni fure,+
Bara durii hundumaatti ol kaasee isaan ni baate.+
10 Isaan garuu fincila kaasanii+ hafuura isaa isa qulqulluu gaddisiisan.+
11 Isaanis guyyoota bara durii,
Bara Musee isa tajaajilaa isaa taʼe sanaa yaadatanii akkana jedhan:
“Inni tiksitoota bushaayee+ isaa wajjin galaana keessaa isaan baase sun eessa jira?+
Inni hafuura isaa isa qulqulluu isa keessa kaaʼe sun,+
12 Inni irreen isaa inni ulfina qabeessi harka mirgaa Musee wajjin akka deemu godhe sun,+
Inni ofii isaatiif maqaa bara baraa argachuuf jedhee+
Isaan duratti bishaanota gargar hire sun,+
13 Inni isaan akkuma farda dirree* keessa jiruutti,
Utuu hin gufatin akka deeman gochuudhaan
Bishaan jeeqamu* keessa akka deeman godhe sun eessa jira?
14 Akkuma horiiwwan boqochuuf gara dirree sulula keessa jiruutti gad buʼaniitti,
Hafuurri Yihowaa isaan ni boqochiise.”+
15 Samii irraa gad ilaali,
Iddoo jireenyaa kee isa ol kaʼaa, isa qulqulluu fi ulfina qabeessa* taʼe irraas milʼadhu.
Ati wantoota kana na dhowwatteetta.
16 Ati Abbaa keenya;+
Abrahaam yoo nu beekuu baate,
Israaʼelis yoo nu wallaale illee,
Yaa Yihowaa, ati Abbaa keenya.
Maqaan kees isa bara duriitti nu fure dha.+
17 Yaa Yihowaa, daandiiwwan kee irraa gorree akka joorru maaliif heyyamta?*
Nuti akka si hin sodaannetti garaan keenya didaa akka taʼu maaliif heyyamta?*+
Tajaajiltoota keetiif,
Gosoota dhaala keetiitiif jedhiitii deebiʼi.+
18 Sabni kee inni qulqulluun yeroo muraasaaf biyyattii dhaalee ture.
Diinonni keenya iddoo qulqulluu kee ni dhidhiitan.+
19 Nutis yeroo dheeraadhaaf akkuma warra ati matumaa bulchitee hin beeknee,
Akkuma warra matumaa maqaa keetiin waamamanii hin beeknee taane.
64 Siin kan kaʼe gaaronni akka kirkiraniif,
Maal taʼa samiiwwan tarsaastee utuu gad buutee!
2 Silaa akkuma ibiddi hanxaxii qabsiisee,
Bishaan danfisutti,
Maqaan kee diinota kee biratti ni beekama,
Saboonnis si duratti ni raafamu turan!
3 Wantoota nama sodaachisan warra nuti abdachuu hin dandeenye yeroo raawwattetti,+
Ati gad ni buute, gaaronnis si duratti ni kirkiran.+
4 Bara duriitii jalqabee si Waaqa isa warra abdiidhaan* isa eeggataniif jedhee tarkaanfii fudhatuun alatti
Waaqni kan biraan jiraachuu isaa kan dhagaʼe yookiin gurra isaatiin kan dhaggeeffate
Yookiin ija isaatiin kan arge tokko illee hin jiru.+
5 Ati warra gammachuudhaan wanta sirrii taʼe raawwatan,+
Warra si yaadatanii fi daandiiwwan kee hordofanii wajjin wal argiteetta.
Kunoo, yeroo nuti cubbuu hojjechuu keenya itti fufnetti, ati ni dheekkamte,+
Nuti yeroo dheeraadhaaf akkana goone.
Maarree, amma ooluu qabnaa?
6 Hundi keenya akka nama xuraaʼee ni taane,
Hojiin qajeelummaa keenyaa hundis akkuma huccuu laguu ni taʼe.+
Hundi keenya akkuma baalaatti ni coolligna,
Balleessaan keenyas akkuma bubbeetti nu fudhatee sokka.
7 Namni maqaa kee waammatu tokko illee hin jiru,
Namni si qabachuuf kakaʼu tokko illee hin jiru,
Sababiin isaas, ati fuula kee nu jalaa dhoksiteetta,+
8 Amma garuu yaa Yihowaa, ati Abbaa keenya.+
9 Yaa Yihowaa, garmalee nutti hin dheekkamin,+
Balleessaa keenyas bara baraaf hin yaadatin.
Hundi keenya saba kee waan taaneef, maaloo, gara keenya ilaali.
10 Magaalonni kee warri qulqulluun lafa onaa taʼaniiru.
Xiyoon lafa onaa taateetti,
Yerusaalem ona taateetti.+
11 Manni qulqullummaa keenya inni ulfina qabeessa* taʼe,
Bakki abbootiin keenya itti si jajachaa turan
Ibiddaan gubameera,+
Wantoonni bakka guddaa kenninuuf hundis barbadaaʼaniiru.
12 Yaa Yihowaa, kana hundumaa booda illee ati tarkaanfii fudhachuu irraa duubatti jettaa?
Calluma jettee ilaaltaa? Akka malee akka miidhamnu hoo ni heyyamtaa?+
65 “Warri na hin gaafanne akka na barbaaddatan nan heyyame;
Warri na hin barbaaddanne akka na argatan nan heyyame.+
Saba maqaa koo hin waammanneen, ‘Kunoo asan jira, kunoo asan jira!’ nan jedhe.+
2 Ani guyyaa guutuu gara saba didaa+ taʼetti,
Gara warra yaada mataa isaanii duukaa buʼuudhaan
Daandii sirrii hin taane irra deemanitti+ harka koo nan diriirse;
3 Isaan saba yeroo hundumaa fuula koo duratti,+
Iddoo biqiltuu keessatti aarsaa dhiheessuudhaan,+ xuubii irrattis aarsaa aarfamu dhiheessudhaan na dheekkamsiisani dha.
4 Isaan iddoowwan awwaalchaa gidduu ni taaʼu,+
Iddoowwan dhokatoo* keessas ni bulu,
Foon booyyee ni nyaatu,+
Maraqiin wantoota jibbisiisoo* taʼaniis distiiwwan isaanii keessa jira.+
5 Isaan, ‘Ani si caalaa qulqulluu waanan taʼeef,*
Achuma turi; natti hin dhihaatin’ jedhu.
Namoonni kun akkuma aara funyaan koo keessa jiruu, akkuma ibidda guyyaa guutuu bobaʼuu ti.
6 Kunoo, kun na duratti barreeffameera;
Ani calluma jedhee hin dhaabbadhu,
Kanaa mannaa, gatii isaanii isaaniif nan deebisa,+
Gatii isaanii guutummaatti* isaaniif nan deebisa,
7 Balleessaa isaaniitiif, balleessaa abbootii isaaniitiifis gatii isaanii isaaniif nan deebisa.+
Isaan gaarota irratti aarsaa aarfamu waan dhiheessaniif,
Tabbawwan irrattis waan na arrabsaniif,+
Ani jalqaba irratti isaaniif gatii isaanii guutummaatti* nan deebisa” jedha Yihowaan.
8 Yihowaan akkana jedha:
“Akkuma yeroo firii wayinii walitti tuutaʼe irratti wayinii haaraan argamu
Namni tokko, ‘Wanti gaariin muraasni* isa irra waan jiruuf, isa hin balleessinaa’ jedhutti,
Anis tajaajiltoota kootiif jedhee akkanuma nan godha,
Hunduma isaaniis hin balleessu.+
9 Ani Yaaqoob keessaa sanyii tokko,
Yihudaa keessaas isa gaarota koo dhaalu nan baasa;+
Warri ani filadhe isa ni dhaalu,
Tajaajiltoonni koos achi ni jiraatu.+
10 Saba koo warra na barbaaddataniif,
Shaaron+ iddoo hoolonni itti dheedan,
11 Isin garuu warra Yihowaa dhiistan,+
Warra gaara koo isa qulqulluu irraanfattan,+
Warra waaqa Milkii Gaariitiif maaddii qopheessitan,
Warra waaqa Hireetiif xoofoowwanitti daadhii wayinii walitti makame guuttani dha.
12 Kanaafuu, ani hiree keessan goraadeedhaan duʼuu nan godha,+
Hundi keessanis gorraʼamuuf* ni gombifamtu,+
Sababiin isaas, yeroon isin waametti deebii naaf hin kennine,
Yeroon dubbadhettis na hin dhaggeeffanne;+
Isin wanta na duratti hamaa taʼe gochuu keessan itti fuftaniittu,
Wanta na hin gammachiisnes filattaniittu.”+
13 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
“Kunoo, tajaajiltoonni koo ni nyaatu, isin garuu ni beeloftu.+
Kunoo, tajaajiltoonni koo ni dhugu,+ isin garuu ni dheebottu.
Kunoo, tajaajiltoonni koo ni gammadu,+ isin garuu ni qaanoftu.+
14 Kunoo, tajaajiltoonni koo gammachuu garaa isaaniitiin kan kaʼe ni ililchu,
Isin garuu garaan keessan waan gaddeef ni iyyitu,
Hafuurri keessan waan cabeef* ni gadooddu.
15 Isin maqaa isa warri ani filadhe akka abaarsaatti itti fayyadaman sana ni dhiistu,
Yihowaan Gooftaa Ol Aanaanis tokkoon tokkoon keessan ni ajjeesa,
Tajaajiltoota isaa garuu maqaa kan biraatiin ni waama;+
16 Kunis kan taʼe, nama lafa irratti eebba argachuu barbaadu kam iyyuu
Waaqni dhugaa* akka isa eebbisuuf,
Namni lafa irratti kakaa kakatu kam iyyuus,
17 Kunoo, samiiwwan haaraa fi lafa haaraa uumaan jira;+
Wantoonni duraanii hin yaadataman,
Garaa keessas hin taaʼan.+
18 Kanaafuu, wantan uumaa jirutti bara baraaf gammadaa, ililchaas.
Sababiin isaas, kunoo, Yerusaalemiin ililchuudhaaf,
Saba ishiis gammachuudhaaf uumaan jira.+
19 Ani Yerusaalemitti nan gammada, saba koottis baayʼee nan gammada;+
Kana booda sagaleen booʼichaa yookiin iyyi dhiphinaa ishii keessatti hin dhagaʼamu.”+
20 “Kana booda daaʼimni guyyoota muraasa qofa jiraatus taʼe
Maanguddoon umurii utuu hin quufin duʼu achitti hin argamu.
Namni umuriin isaa waggaa dhibba taʼee duʼu kam iyyuu akkuma ijoollummaa isaatti duʼetti ilaalama,
Namni cubbamaanis umuriin isaa waggaa dhibba yoo taʼe illee abaaramaa ni taʼa.*
21 Isaan manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu,+
Mukeetii wayinii ni dhaabu, firii isaaniis ni nyaatu.+
22 Mana isaan ijaaran keessa namni kan biraan hin jiraatu,
Muka wayinii isaan dhaabanis namoonni kan biroon hin nyaatan.
Sababiin isaas, umuriin saba kootii akkuma umurii mukaa ni taʼa,+
Warri ani filadhes hojii harka isaaniitti guutummaatti ni gammadu.
23 Isaan akkanumaan hin dhamaʼan,*+
Dhiphinaafis ijoollee hin godhatan,
Sababiin isaas, isaanis taʼan ijoolleen isaanii,+
Sanyii warra Yihowaan eebbise sanaa ti.+
24 Utuu isaan na hin waamin ani nan owwaadha;
Utuma isaan dubbachaa jiraniis isaan nan dhagaʼa.
25 Yeeyyiinii fi xobbaallaan hoolaa waliin ni sooratu,
Leenci akkuma qotiyyoo galabaa ni nyaata,+
Boftis biyyoo ni nyaata.
Isaan guutummaa gaara koo isa qulqulluu irratti miidhaas taʼe badiisa akkamii iyyuu hin geessisan”+ jedha Yihowaan.
66 Yihowaan akkana jedha:
“Samiiwwan teessoo koo ti, laftis ejjeta miila kootii ti.+
2 “Wantoota kana hundumaa kan tolche harkuma koo ti,
Hundi isaaniis kan argaman akka kanaani” jedha Yihowaan.+
“Anis gara isa kanaatti,
Gara isa gad of qabu, isa hafuurri isaa cabee* fi dubbii kootiin romʼu* kanaatti nan ilaala.+
3 Namni qotiyyoo qalu, akkuma nama nama ajjeesuu ti.+
Namni aarsaa godhee hoolaa dhiheessu, akkuma nama morma saree cabsuu ti.+
Namni kennaa dhiheessu, akkuma nama dhiiga booyyee dhiheessuu ti!+
Namni aarsaa yaadannoo godhee ixaana adii dhiheessu,+ akkuma nama dubbii moraatti fayyadamee nama eebbisuu ti.*+
Isaan daandiiwwan ofii isaanii filataniiru,
Wanta jibbisiisaa taʼettis ni gammadu.*
4 Kanaan kan kaʼes, ani isaan adabuuf karaa nan barbaada,+
Wantuma isaan sodaatanis isaan irratti nan fida.
Sababiin isaas, yommuun isaan waametti namni tokko illee hin owwaanne;
Yommuun dubbadhettis namni tokko illee na hin dhaggeeffanne.+
Wanta na duratti hamaa taʼe gochuu isaanii itti fufaniiru,
Wanta na hin gammachiisne gochuus filataniiru.”+
5 Isin warri dubbii isaatiin romʼitan* dubbii Yihowaa kana dhagaʼaa:
“Obboloonni keessan warri sababa maqaa kootiin isin jibbanii fi of irraa isin fageessan, ‘Yihowaan ulfina haa argatu!’ jedhaniiru.+
Inni garuu isinitti mulʼatee gammachuu isiniif argamsiisa,
Kan qaaneffamus isaanuma dha.”+
6 Magaalattii keessaa wacni, mana qulqullummaa keessaas sagaleen tokko ni dhagaʼama!
Sagaleen kunis sagalee Yihowaa isa yeroo inni diinota isaatiif adaba isaaniif malu kennutti dhagaʼamu dha.
7 Ishiin ciniinsifachuu ishii dura, ni deesse.+
Ciniinsuun ishii qabuu isaa duras, mucaa dhiiraa ni deesse.
8 Namni wanta akkanaa dhagaʼee beeku jiraa?
Namni wantoota akkanaa arge jiraa?
Biyyi guyyuma tokkotti ni dhalataa?
Yookiin sabni tokko takkaatti ni dhalataa?
Xiyoon garuu akkuma ciniinsifachuu jalqabdeen ilmaan ishii ni deesse.
9 “Ani daaʼimni dhalachuu jala gaʼee akka hin dhalanne nan godhaa?” jedha Yihowaan.
“Yookiin ciniinsuu ergan fidee booda gadameessa nan cufaa?” jedha Waaqni kee.
10 Warri ishii jaallattan hundi, Yerusaalemii wajjin gammadaa, ishii wajjinis ililchaa.+
Warri ishiidhaaf gaddaa jirtan hundi, ishii wajjin baayʼee gammadaa,
11 Sababiin isaas, harma jajjabinaa ishii ni hootu, akka gaariittis ni quuftu,
Hamma quuftanitti ni dhugdu, baayʼina ulfina ishiittis ni gammaddu.
12 Yihowaan akkana jedha:
“Kunoo, ani akkuma lagaatti nagaa,+
Akkuma yaaʼaa bishaaniittis ulfina sabootaa ishiidhaaf nan kenna.+
Isinis tafa irra teessanii ni hootu, kunuunsas ni argattu,
Gudeeda irra teessaniis ni ururfamtu.
13 Akkuma haati ilma ishii urursitutti,
Anis isin urursuu koo ittan fufa;+
Isinis Yerusaalemiin kan kaʼe jajjabina ni argattu.+
14 Kana ni argitu, garaan keessanis ni gammada,
Lafeen keessan akkuma marga haaraatti ni lalisa.
Harki* Yihowaas tajaajiltoota isaa biratti kan beekame ni taʼa,
Taʼus inni diinota isaa ni balaaleffata.”+
15 “Sababiin isaas, Yihowaan dheekkamsa cimaadhaan haaloo baʼuuf,
Labooba ibiddaatiinis ifachuuf,+
Akka ibiddaatti ni dhufa,+
Gaariiwwan fardaa isaas akkuma obomboleettii ti.+
16 Yihowaan ibiddaan,
Eeyyee, goraadee isaatiin foon* hundumaa irratti murtii ni dabarsa;
Warri Yihowaan ajjeesus hedduu ni taʼu.
17 “Warri isa walakkaatti argamu sana duukaa buʼuudhaan, gara iddoowwan biqiltuutti*+ seenuuf of qulqulleessanii fi of dhiqan, warri foon booyyee,+ wantoota jibbisiisoo fi hantuuta+ nyaatan hundi waliin ni dhumu” jedha Yihowaan. 18 “Ani waaʼee hojii isaanii fi yaada isaanii waanan beekuuf, sabootaa fi qooqa hundumaa keessaa namoota walitti qabuuf nan dhufa; isaanis dhufanii ulfina koo ni argu.”
19 “Ani isaan gidduutti mallattoo tokko nan dhaaba; warra lubbuudhaan oolan keessaa muraasa gara sabootaatti, jechuunis gara Tarshiish,+ Puulii fi Luud+ warra iddaadhaan darbachuu irratti dandeettii qabanitti, akkasumas gara Tuubaal, gara Yaawaanii+ fi gara odolawwan fagoo jiran warra waaʼee koo hin dhageenye yookiin ulfina koo hin arginetti nan erga; isaanis saboota gidduutti ulfina koo ni labsu.+ 20 Akkuma namoonni Israaʼel kennaawwan isaanii miʼa qulqulluutti qabatanii gara mana Yihowaatti fidanitti, isaanis saboota hundumaa keessaa obboloota keessan hundumaa fardeen irra, gaariiwwan fardaa irra, gaariiwwan uwwifaman keessa, gaangolii irra, akkasumas gaalota saffisa qaban irra kaaʼanii, Yihowaadhaaf kennaa godhanii gara gaara koo isa qulqulluutti, gara Yerusaalemitti ni fidu”+ jedha Yihowaan.
21 “Kana malees, ani lubootaa fi Leewwota akka taʼaniif muraasa isaanii nan fudhadha” jedha Yihowaan.
22 “Akkuma samiiwwan haaraanii fi lafti haaraan+ warri ani tolchaa jiru na duratti jabaatanii dhaabbatan, sanyiin keessanii fi maqaan keessanis jabaatee ni dhaabbata”+ jedha Yihowaan.
23 “Baatii haaraa irraa hamma baatii haaraatti, sanbata irraa hamma sanbataattis,
24 “Isaanis gad baʼanii reeffa namoota na irratti fincilan sanaa ni ilaalu;
Raammoon isaan irra jiru hin duʼu,
Ibiddi isaaniis hin dhaamu,+
Isaan namoota* hundumaa duratti jibbisiisoo ni taʼu.”
“Fayyina Yihowaa” jechuu dha.
Jechuunis, bidiruu horiin keessaa nyaatu.
Ykn., “gooftaa isaa.”
Kal., “hin malaafamne.”
Ykn., “bulchitoonni.”
Ykn., “barumsa.”
Ykn., “Lubbuun koo.”
Ykn., “warri jalaa duʼaniif.”
Ykn., “Farsoon qamadii.”
Ykn., “warri jalaa duʼaniif.”
Kun mukeetii fi iddoowwan biqiltuu waaqeffannaa waaqolii tolfamoo wajjin wal qabatan kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “barumsi.”
Gosa hantuutaa nyaatee hin quufne.
Ykn., “hafuurri isaa funyaan isaa keessa jirutti.”
Ykn., “isa isin fayyisu.”
Kal., “ija ulfina isaa.”
Ykn., “lubbuu isaaniitiif.”
Kal., “firii hojii isaanii ni nyaatu.”
Kal., “Morma (qoonqoo) isaanii dheereffatanii.”
Ykn., “Faaya mormaa.”
Ykn., “sabbata.”
Kal., “Mana lubbuu.”
Ykn., “uffata jalatti uffatamu.”
Zayitii urgaawaa biqiltootaa fi mukeetii tokko tokko irraa argamu dha.
Kun salphina utuu hin heeruminii fi utuu ijoollee hin daʼin hafuudhaan gaʼu argisiisa.
Ykn., “haxaaʼee balleessutti.”
Kal., “bobbaa.”
Gondoluu jechuun, damee mukaa dulloome irraa muruu jechuu dha.
Jechuunis, muka akka hiddaa taʼee fi qoree qabu.
Kal., “cimdii kudhan,” jechuunis, maasii guyyaatti qotiyyoo cimdiin kudhan qotu.
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuu isaa.”
Ykn., “Guguddoonni.”
Ykn., “haqa.”
Ykn., “Murtiin; Gorsi.”
Ykn., “barumsa.”
Ykn., “jirma mallattoo.”
Ykn., “futtaasuuf kan qophaaʼe dha.”
Ykn., “leencota saafelaatti.”
Jechuunis, goflaawwan.
Kal., “Innis.”
Kal., “sagalee isa waamaa jiru sanaatiin.”
Kal., “Nan callisiifame.”
Ykn., “mukukkulli.”
Ykn tarii, “isaan.”
“Isa Hafe Qofatu Deebiʼa” jechuu dha.
Ykn., “boʼoo.”
Ykn tarii, “sodaachisnee.”
Ykn., “dallaawwan ishii haa diignu.” Kal., “haa tarsaasnu.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “durbi.”
“Waaqayyo Nuu Wajjin Jira” jechuu dha.
Ykn., “lageen gogaa.”
Jechuunis, Efraaxis.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Tarii, “Boojuudhaaf Ariifachuu, Saamichaaf Dafanii Dhufuu” jechuu dha.
Kal., “qalama nama duʼuutiin.”
Ykn., “ragaa nan baasisa.”
Jechuunis, haadha manaa Isaayyaas.
Kal., “gara raajittiitti nan dhihaadhe.”
Shiloʼaan ujummoo bishaanii ti.
Jechuunis, Efraaxis.
Isa 7:14 ilaali.
Ykn., “Hidhadhaa.”
Jechi Afaan Ibrootaa hima, “Waaqayyo nuu wajjin jira” jedhuuf gale Amaanuʼel kan jedhu dha. Isa 7:14; 8:8 ilaali.
Kun gosa kiyyoo ti.
Ykn., “Dubbii ragaa.”
Ykn., “Barumsichas.”
Ykn., “hawwiidhaan.”
Ykn., “dubbii ragaa.”
Kal., “barraaqa.”
Jechuunis, Waaqayyo.
Jechuunis, harqoota, qambara.
Ykn., “Mootummaan; Bulchiinsi mootii.”
Ykn., “mootummaa; bulchiinsa mootii.”
Kal., “karaa duubaatiin.”
Ykn tarii, “damee muka meexxii fi shomboqqoo.”
Ykn., “warri jalaa duʼanii.”
Jechuunis, muka gaggabaabaa gobbatee biqilu.
Ykn., “warri jalaa duʼan.”
Ykn., “adabamtanitti.”
Ykn., “Ulfina.”
Kal., “nan.”
Ykn., “lubbuudhaa hamma fooniitti.”
Ykn., “Adabnis.”
Ykn., “qottoodhaan.”
Ykn., “qajeelummaadhaan.”
Ykn., “leenci saafellii.”
Ykn tarii, “Jabbii fi leenci waliin ni dheedu.”
Ykn., “jirma mallattoo.”
Ykn., “Saboonni isa ni barbaaddatu.”
Jechuunis, Baabiloniyaa.
Ykn., “jirma mallattoo.”
Kal., “gateettii.”
Ykn., “humna.”
Kal., “arraba.”
Ykn tarii, “ni gogsa.”
Jechuunis, Efraaxis.
Ykn tarii, “rukutee lageen torbatti isa hihira.”
Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “muuziqaa qopheessaa.”
Kal., “Ati ishiin jiraattuu Xiyoon taate,” guutummaan sabichaa dubartii takkatti fakkeeffamee ti.
Ykn., “jirma mallattoo.”
Kal., “Warra naaf qulqulleeffaman.”
Kal., “Kasiilota isaanii,” Oriyoonii fi tuutawwan urjiilee naannoo isaatti argaman kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Ykn., “ishiin faaya mootummootaa taate.”
Ykn tarii, “Jinniiwwan reʼee fakkaatanis.”
Ykn., “keessatti boqonnaa isaaniif kenna.”
Ykn., “warra isaan hojjechiisanis.”
Ykn., “ni qoosta.”
Ykn., “Inni isaan hojjechiisaa ture.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “korbeeyyii reʼee.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “mana.”
Ykn., “damee.”
Kal., “Gorsi guutummaa lafaa irratti gorsame.”
Ykn., “rukutuuf qophaaʼes.”
Ykn., “bofa summii qabuu fi saffisaan loʼu.”
Ykn., “Mana Qulqullummaattii.”
Ykn., “Lubbuun isaa.”
Ykn., “laga gogaa.”
Ykn., “firii wayinii diimaa hedduu qabatan.”
Ykn tarii, “Iyyi waraanaa firii bonaa keessanii fi makara keessan irratti waan gad buʼeef.”
Ykn., “akkuma namni qacaramee hojjetu godhutti, of eeggannoodhaan lakkaaʼamee”; jechuunis, wagguma sadii keessatti.
Kal., “ilmaan Israaʼel.”
Kal., “coomni foon isaatiis.”
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “nama gammachiisan.”
Ykn., “waaqa ormaas.”
Kal., “saba dheereffamee fi cululuqfame.”
Ykn., “saba jabina guddaadhan warra kaan dhidhiitutti.”
Ykn., “jirma mallattoo.”
Ykn tarii, “jabaatee hundeeffame irraa.”
Kal., “saba dheereffamee fi cululuqfame.”
Ykn., “saba jabina guddaadhan warra kaan dhidhiitu.”
Ykn., “lubbuun isaanii ni gadda.”
Ykn., “Memfiis.”
Ykn tarii, “damee muka meexxiitiifis taʼe shomboqqoodhaaf.”
Ykn., “ajajaa sana.”
Ykn., “uffata jalaan uffatamu qofaadhaanii.”
Ykn., “miidhagina ishii jajatanitti.”
Kun naannoo Baabiloniyaa ishii durii kan argisiisu fakkaata.
Kal., “Mudhiin koo waraansaan kan guutame.”
Kal., “ilma.”
“Cal Jechisiisuu” jechuu dha.
Ykn., “akkuma namni qacaramee hojjetu godhutti, of eeggannoodhaan lakkaaʼamee”; jechuunis, wagguma tokko keessatti.
Kun Yerusaalemiin kan argisiisu taʼuu hin oolu.
As irratti Yerusaalem nameeffamtee kan ibsamte yeroo taʼu, yaanni bifa walalootiin barreeffame kun gaddaa fi gara laafina kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “abbootii fardeenii.”
Ykn., “ni qopheessiti.”
Ykn., “Dirreewwan gad buʼoon.”
Ykn., “Abbootiin fardeeniis.”
Ykn., “Eegumsi.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Kal., “iddoo jireenyaa.”
Ykn., “bulchiinsa.”
Kal., “ulfaatina.”
Ykn., “latiiwwan.”
Ykn., “okkoteewwan.”
Kal., “Sanyiin.”
Jechuunis, laga Laga Abbayyaa irraa yaaʼu.
Kal., “durboota.”
Ykn tarii, “buufanni.”
Kal., “guyyoota.”
Ykn., “lafattii.”
Ykn., “Fuula ishii ni micciira.”
Ykn tarii, “gogaa.”
Ykn., “durii.”
Ykn tarii, “ni goga.”
Ykn., “dhiha.”
Ykn., “baha.”
Ykn., “miidhaginni.”
Kal., “Maanguddoota isaa.”
Ykn., “Shaashii.”
Kal., “ni liqimsa.”
Ykn., “ni balleessa.”
Ykn tarii, “warra yaanni isaanii hin raafamne.”
Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “wal qixxaataa.”
Jechuunis, Waaqayyoo fi maqaan isaa akka yaadatamu, akkasumas akka beeksifamu.
Ykn., “Lubbuun koo.”
Kal., “Reeffi koo ni kaʼa.”
Ykn tarii, “fixeensa baalaa ti.”
Ykn., “warra duʼaan moʼaman ni deessi.”
Ykn., “balaaleffannaan.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kun Israaʼeliin kan argisiisu fakkaata; as irratti dubartiitti, akkasumas maasii wayiniitti fakkeeffamteetti.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Jechuunis, Efraaxis.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.
Kun magaalaa guddoo kan taate Samaariyaa kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Ykn., “of tuultuu taateef; of jajjuu taateef.”
Ykn., “of tuultuu taʼanii; of jajjuu taʼanii.”
Ykn., “Ulee safaraa irratti ulee safaraa, ulee safaraa irratti ulee safaraa.”
Kal., “hidhii giingaʼuttii.”
Ykn., “Ulee safaraa irratti ulee safaraa, ulee safaraa irratti ulee safaraa.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn tarii, “mulʼanni tokko akka argamu gooneerra.”
Ykn., “wuhaa likkii.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn tarii, “Isaan yommuu hubatan, naasuu cimaatu itti dhagaʼama.”
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Ykn., “lafaa.”
Ykn., “Aajjaa.”
Ykn., “ni adaba.”
Saanqaa midhaan ittiin dhaʼuuf looniin harkifamu argisiisa.
Ykn., “kaayyoon.”
Ykn., “ogummaan isaa guddaa taʼe.”
Tarii, “Bakka Ibiddaa Iddoo Aarsaa Waaqayyoo” jechuu dha; kun Yerusaalemiin kan argisiisu fakkaata.
Kal., “keessummootaa.”
Ykn., “lubbuun isaa duwwaa taʼee.”
Ykn., “lubbuun isaa waxalamee.”
Ykn., “gorsa.”
Kal., “ifatuuf.”
Kun qaanii fi abdii kutachuu irraa kan dhufu dha.
Kal., “aarsaa dhugaatii dhangalaasaniif,” kun walii galtee uumuu kan argisiisu fakkaata.
Kal., “dahoo.”
Ykn., “Utuu afaan koo hin gaafatin.”
Ykn., “bofti summii qabuu fi saffisaan loʼu.”
Ykn., “barumsa.”
Kal., “laafaa.”
Ykn tarii, “boolla bishaanii.”
Ykn., “abdiidhaan.”
Ykn., “hawwiidhaan.”
Ykn., “siidaawwan kee warra baqfamanii tolfaman.”
Ykn tarii, “Xurii dha.”
Kal., “coomaa fi zayitiidhaan kan laafe.”
Ykn., “Battoo.” Miʼa akka akaafaa muka irraa hojjetamuu fi midhaan ittiin ol darbatanii qulleessuuf gargaaru.
Ykn., “manshiidhaan.”
Kal., “gingilchaa gatii dhabuutiin.”
Ykn., “of qulqulleessitanitti.”
Ykn., “Sagalee ululleetiin.”
As irratti “Tofeet” akka fakkeenyaatti bakka waa itti guban argisiisuuf kan oolu yeroo taʼu, badiisa kan bakka buʼu dha.
Ykn., “Abbootii fardeenii.”
Ykn., “ibiddi.”
Ykn., “dahoo itti argatan.”
Ykn., “kooluu itti galan.”
Ykn., “dantaa dhabuudhaan tarkaanfii fudhachuu.”
Ykn., “Lubbuu isa beelaʼee.”
Ykn., “Karaa ulfina qabuun.”
Ykn., “hiiktanis.”
Ykn., “jabina.”
Kun diina argisiisa.
Ykn tarii, “gogdeetti.”
Ykn., “ol kaʼaa taʼe.”
Ykn., “xiinxalta.”
Kal., “gad fagoo.”
Ykn., “Dhiigni isaanii gaarreen irra ni yaaʼa.”
Boozraa ishii magaalaa guddoo Edoom taate kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Kal., “dhagoota.”
Ykn tarii, “Jinniiwwan reʼee fakkaatan.”
Simbira hurunguu fakkaattu dha.
Kal., “Funyoo safaraatiin kan isaaniif hires.”
Akaakuu abaaboo ti.
Ykn., “ajajaa warra dhugaatii dhiheessanii.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “Afaan Sooriyaatiin.”
Kal., “Anaa wajjin eebbisaa, gara koottis baʼaa.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “arrabsoo.”
Kal., “akkuma dubartii daaʼimni afaan gadameessaa bira gaʼee.”
Kal., “hafuura tokko isa keessa.”
Ykn tarii, “kiruubelota gidduu.”
Ykn., “Boʼoowwan Abbayyaa.”
Kal., “raawwatameera.”
Jechuunis, Hisqiyaasiif.
Ykn., “firii midhaanii harcaʼee biqile.”
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Kal., “guyyoota.”
Tarii kortoowwan kun gaaddisa aduutiin saʼaatii lakkaaʼuuf tajaajilaa kan turan taʼuu dandaʼu.
Ykn., “ni qindeesse.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Gosa simbirroo dimbiixii fakkaattu. Ykn tarii, “allaattii luka dheerattutti.”
Ykn., “makoodiittis; andariis.”
Kal., “qabdii.”
Ykn., “Hadhaaʼina lubbuu kootiin.”
Ykn., “ulfinaan.”
Jechuunis, dubbii fi gocha Waaqayyoo.
Ykn., “lubbuu kootiif.”
Ykn., “ija kee duraa balleessiteetta.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “sanatti gammadee.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Kal., “guyyoota.”
Ykn., “dhugaan.”
Ykn., “Karaa nama jajjabeessuun.”
Ykn., “dachaa.”
Ykn., “Namni.”
Ykn., “Namni.”
Ykn., “ni tiksa.”
Yommuu harki diriirutti fageenya fiixee abgudduu irraa jalqabee hamma fiixee quba ishii xiqqootti jiru. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn tarii, “kan hubate.”
Ykn., “qoraan gaʼaa argamsiisuu hin dandaʼu.”
Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”
Ykn., “Bulchitoota.”
Ykn., “bira gaʼamuu.”
Ykn., “humna guddaa.”
Ykn., “na duratti calluma jedhaa.”
Jechuunis, akka isa tajaajiluuf.
Jechuunis, of gargaaruu kan hin dandeenyee fi rakkataa.
Biqiltuu baalli isaa cululuquu fi abaaboo adii urgaaʼu qabu.
Muka guddaa hamma meetira 15tti guddatu. Mukti kun baala magariisaa fi damee daaraa fakkaatu qaba.
Ykn., “Akka qalbeeffannuu.”
Kal., “jalqaba.”
Ykn., “baha.”
Ykn., “Bulchitoota gad aanoo.”
Ykn., “wanta hin jirre.”
Ykn., “Siidaawwan isaanii warra baqfamanii tolfaman.”
Ykn., “isa lubbuun koo.”
Ykn., “barumsa.”
Ykn., “hin hiru.”
Ykn., “qarqarawwan galaanaatti.”
Ykn., “siidaawwan baqfamanii tolfamaniin.”
Ykn., “Barumsicha.”
Ykn., “Barumsa.”
Tarii wantoota jalqabaa gara fuulduraatti dhufan kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “amanamtaniif.”
Ykn., “gocha fincilaa.”
Tarii barsiisota Seerichaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “guyyaa dhalatte irraa.”
“Isa Qajeelaa” jechuu yeroo taʼu, maqaa ulfinaa Israaʼeliif kenname dha.
Ykn., “lafa.”
Jechuunis, fakkiiwwan.
Ykn., “gajaraa.”
Ykn., “kompaasiidhaanis.”
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Muka baala magariisa urgaaʼuu fi nyaata miʼeessuuf oolu qabu.
Ykn., “Muka gogaa.”
Ykn., “lubbuu isaa.”
Ykn., “Mallattoo raajonni sobaa kennan.”
Kal., “Mudhii moototaa hiikuuf.”
Kal., “akka gaariitti sin hidhachiisa.”
Ykn., “Bahaa hamma dhihaatti.”
Ykn., “isa isa tolcheen.”
Ykn., “falmuuf.”
Ykn., “Isa isa tolche.”
Ykn tarii, “Yookiin supheen sun, ‘Wanti ati tolchite qabannoo hin qabu’ jechuu qabaa?”
Ykn., “Ati maal ciniinsifachaa jirta?”
Ykn tarii, “Hojjettoonni humnaa.”
Ykn tarii, “daldaltoonni.”
Ykn tarii, “duwwaa akka taatu.”
Jechuunis, waaqolii tolfamoo horii irratti feʼaman.
Ykn., “Lubbuuwwan isaanii.”
Kal., “isa duratti ni gombifamu.”
Kal., “jalqabaa.”
Ykn., “Kaayyoon; Gorsi.”
Ykn., “baha.”
Ykn., “kaayyoo; gorsa.”
Kal., “cimaa.”
Ykn tarii, “eenyutti iyyuu gaarummaa hin argisiisu.”
Ykn., “Mootittii.”
Ykn., “Mootittii.”
Ykn tarii, “yoo raawwatte iyyuu.”
Ykn., “Falfalaan akkamitti akka of irraa ittistu hin beektu.”
Ykn tarii, “Warri samiiwwan hihiran; Warri urjii lakkaaʼan.”
Ykn., “lubbuu isaanii.”
Kal., “gara naannoo mataa mataa isaaniitti deebiʼuuf.”
Ykn tarii, “Yihudaadhaa gad buʼan.”
Kal., “jalqabaa.”
Ykn., “siidaan koo inni baqfamee tolfame.”
Ykn tarii, “si filadheera.”
Ykn., “hin hiru.”
Ykn., “hafuura isaa wajjin na ergeera.”
Ykn., “faayidaa keetiif.”
Kal., “yeroon gadameessa keessa ture irraa jalqabee.”
Ykn., “Yihowaan haqa naaf kenna.”
Ykn., “Badhaasa.”
Ykn., “lubbuudhaan tuffatame.”
Ykn., “Yeroon gaarummaa itti argisiisutti.”
Ykn tarii, “Tabbawwan qullaa taʼan.”
Ykn., “maseena.”
Ykn., “jirma mallattoo.”
Kal., “qoma.”
Kal., “Foon.”
Kal., “dubbiitti.”
Ykn tarii, “jabina.”
Ykn., “arraba akka gaariitti leenjiʼe.”
Ykn., “Boqoo.”
Ykn., “naan morkachuu.”
Ykn., “walitti haa garagallu.”
Ykn., “ciniinsifattee isin deesse.”
Ykn., “Humni.”
Ykn., “hin caccabu.”
Ykn., “barumsa.”
Ykn tarii, “Raammoon.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “mataa isaanii irra ni kaaʼatu.”
Ykn., “isa sitti marsu.”
Kal., “Mataa.”
Ykn., “fuulaa fuulatti.”
Ykn., “injifannoo.”
Ykn., “duudaa ni taʼu.”
Ykn tarii, “Wanta nuti dhageenyetti.”
“Isa” kan jedhu qaama haala kana ilaalu ykn Waaqa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “Akka nuti isa barbaannuuf bifa adda taʼe hin qabu.”
Ykn., “isaaf galu.”
Ykn tarii, “Akka nama namoonni fuula isaanii irraa garagalchanii ture.”
Kal., “Cunqursaa fi murtiidhaan.”
Ykn., “Akkaataa jireenyaa.”
Ykn., “ajjeefameera.”
Ykn., “jalʼina.”
Ykn., “iddoo awwaalchaa isaaf ni kenna.”
Kal., “namicha sooressa tokkoo.”
Ykn., “Yihowaa ni gammachiise.”
Ykn., “fedhiin.”
Ykn., “lubbuu isaatiin.”
Ykn., “maseena.”
Ykn., “gooftaa.”
Ykn., “Ijoolleen.”
Ykn., “gooftaa.”
Kal., “hafuurri ishii miidhameetti.”
Ykn., “reenjii.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “ibiddaatiin.”
Ykn., “Ijoolleen.”
Ykn., “ijoollee.”
Ykn., “maallaqa itti dadhabdanii argattan.”
Kal., “Coomaanis.”
Ykn., “Tolaan dhiifama waan godhuuf.”
Ykn., “fedhii koo.”
Ykn., “maqaa.”
Kal., “koo.”
Ykn., “lubbuu cimaa.”
Jechuunis, duʼaan.
Ykn tarii, “Rakkina irraa.”
Jechuunis, awwaala keessatti.
Ykn., “laga gogaa.”
Ykn., “laga gogaa.”
Ykn., “wantoota kanaan of jajjabeessuun qabaa?”
Tarii waaqeffannaa waaqolii tolfamoo kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn tarii, “mootichatti.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “Kan hin bututne.”
Ykn., “Dhimmoota tokko tokko hoo hin dhoksinee?”
Ykn., “jajjabinaan nan kiisa.”
Ykn., “lubbuu keenya.”
Ykn., “gammachuu.”
Ykn., “lubbuu isaa.”
Ykn., “lubbuun kee barbaadu.”
Ykn., “Lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuu kee.”
Kal., “qaawwa.”
Ykn., “gammachuu.”
Kal., “miila kee yoo deebiste.”
Ykn., “Yaaqoobitti akka gammaddus.”
Kal., “ulfaatee.”
Ykn., “duwwaa taʼetti.”
Kal., “ija isaa durattis hamaa ture.”
Ykn., “injifannoo isaaf.”
Ykn., “injifannoos.”
Ykn., “qolootti.”
Kal., “sanyii.”
Kal., “sanyii sanyii.”
Ykn., “ifa barraaqaa.”
Kal., “si uwwisu.”
Ykn., “mana miidhaginaa koo.”
Ykn., “afaan manʼee simbiraatti.”
Ykn., “akkuma isa jalqabaatti.”
Ykn., “miidhagina.”
Ykn., “gadde.”
Ykn., “isa miidhagsaniif.”
Ykn., “Qabeenya.”
Ykn., “Lubbuun koo.”
Ykn., “qoloo.”
Ykn., “jirma mallattoo.”
Ykn tarii, “diimaa.”
Ykn., “injifannoo.”
Ykn., “sobduu.”
Ykn., “Maleekaan isa duraa dhufes.”
Ykn., “lafa onaa.”
Ykn., “Bishaan gad fagoo.”
Ykn., “bareedaa.”
Ykn., “bareedaa.”
Kal., “Garaan kee raafamuun isaa.”
Ykn., “goota?”
Kal., “goota?”
Ykn., “obsaan.”
Kal., “Harka dogoggora keenyaatiin.”
Kal., “baqnu.”
Ykn., “isa nu tolche.”
Ykn., “bareedaa.”
Ykn tarii, “godoo eegumsaa.”
Ykn., “xuraaʼoo.”
Ykn., “Qulqullummaa koo siif waanan ibsuuf.”
Kal., “qoma isaaniitti.”
Kal., “qoma isaaniitti.”
Kal., “Eebbi tokko.”
Ykn., “Dirreen Gad Buʼaan.”
Jechuunis, qalamuuf.
Ykn., “Abdii waan kutattaniif.”
Ykn., “amanamummaa.” Kal., “Ameen.”
Ykn., “amanamummaatiin.” Kal., “Ameeniin.”
Ykn., “rakkinni.”
Ykn tarii, “Namni umuriin isaa waggaa dhibba utuu hin guutin duʼes akka abaaramaatti ilaalama.”
Ykn., “jabaatanii hin hojjetan.”
Ykn., “abdii kutatee.”
Ykn., “waaʼee dubbii kootii dhiphatu.”
Ykn tarii, “akkuma nama waaqa tolfamaa jajatuu ti.”
Ykn., “lubbuun isaanii ni gammada.”
Ykn., “waaʼee dubbii isaa dhiphattan.”
Ykn., “Humni.”
Ykn., “namoota.”
Jechuunis, iddoowwan biqiltuu addaa waaqeffannaa waaqa tolfamaatiif oolan.
Ykn., “Namni.”
Ykn., “na waaqeffachuuf.”
Kal., “foon.”