FAARFANNAA
KITAABA TOKKOFFAA
(Faarfannaa 1-41)
1 Namni akka gorsa hamootaatti hin deddeebine,
Daandii cubbamootaa irra hin dhaabbanne,+
Teessuma qoostotaa irras hin teenye+ gammadaa dha.
2 Kanaa mannaa inni seera Yihowaatti ni gammada,+
Seera isaas halkanii fi guyyaa sagalee isaa gad qabee dubbisa.*+
3 Inni akka muka bishaan yaaʼu biratti dhaabamee,
Akka muka waqtii isaatti firii godhatuu,
Baalli isaas hin coollignee ni taʼa.
Wanti inni godhu hundis isaaf ni milkaaʼa.+
4 Hamoonni garuu akkana miti;
Isaan akka habaqii bubbeen fudhatee deemuu ti.
5 Kanaan kan kaʼes, hamoonni yeroo murtiitti akkuma dhaabbatanitti itti hin fufan;+
Cubbamoonnis yaaʼii qajeelotaa keessatti hin argaman.+
2 Mootonni lafaa iddoo iddoo isaanii qabatanii,
Abbootiin taayitaa ol aanoonis tokko taʼanii walitti qabamanii,*+
3 Isaan, “Funcaa isaanii of irraa haa kukkunnu,
Wadaroo isaaniis of irraa haa darbannu!” jedhu.
4 Inni samii keessa teessoo isaa irra taaʼu ni kolfa,
Yihowaan isaanitti qoosa.
5 Yeroo sanatti inni dheekkamsa isaatiin isaanitti dubbata,
Dheekkamsa isaa isa bobaʼuunis isaan naasisa;
6 “Ani Xiyoon+ isa gaara koo isa qulqulluu taʼe irratti,
Mootii koo muudeera”+ jedha.
8 Na gaafadhu, anis saboota dhaala kee,
Andaara lafaas qabeenya kee godhee siif nan kenna.+
10 Kanaafuu, isin mootonni hubannaa qabaadhaa;
Isin abbootiin murtii lafaas sirreeffama fudhadhaa.*
11 Sodaadhaan Yihowaa tajaajilaa,
Isaaf hollachuuttis gammadaa.
12 Ilma isaatiif ulfina kennaa,*+ taʼuu baannaan Waaqayyo* ni dheekkama,
Isinis karaa irraa ni balleeffamtu,+
Sababiin isaas, dheekkamsi isaa dafee bobaʼa.
Warri isatti kooluu galan hundi gammadoo dha.
Faarfannaa Daawit yeroo ilma isaa Abishaalom jalaa baqachaa turetti faarfate.+
3 Yaa Yihowaa, diinonni koo akkanatti hedduu kan taʼan,+
Namoonni baayʼeenis ana irratti kan kaʼan maaliifi?+
4 Sagalee koo ol kaasee Yihowaa nan waammadha,
Innis gaara isaa isa qulqulluu irraa deebii naaf kenna.+ (Seelaa)
7 Yaa Yihowaa, kaʼi! Yaa Waaqa koo, na oolchi!+
Ati diinota koo hundumaa mangaagaa isaanii ni rukutta;
Ilkaan hamootaas ni caccabsita.+
Eebbi kee saba kee irra jira. (Seelaa)
Geggeessaa muuziqaatiif; meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Faarfannaa Daawit.
4 Yaa Waaqa koo isa qajeelaa,+ yeroon si waammadhu deebii naaf kenni.
Yeroo dhiphina kootti karaan itti miliqu* naaf qopheessi.
Gaarummaa natti argisiisi, kadhannaa koos dhagaʼi.
2 Yaa ilmaan namootaa, isin hamma yoomiitti ulfina koo gara salphinaatti jijjiirtu?
Wanta gatii hin qabne kan jaallattan, wanta soba taʼes kan barbaaddan hamma yoomiitti? (Seelaa)
3 Yihowaan isa isaaf amanamaa taʼe karaa adda taʼeen akka qabu* beekaa;
Yeroon isa waammadhu Yihowaan na dhagaʼa.
4 Dheekkamaa, garuu cubbuu hin hojjetinaa.+
Wanta dubbattan siree keessan irra utuu jirtanii garaa keessanitti dubbadhaa; calluma jedhaas. (Seelaa)
6 Namoonni hedduun, “Eenyutu wanta gaarii nutti argisiisa?” jedhu.
Yaa Yihowaa, ifni fuula keetii nu irratti haa ifu.+
7 Ati warra oomisha midhaanii fi wayinii haaraa hedduu galfatan caalaa,
Garaa koo gammachuu guddaadhaan guutteetta.
8 Yaa Yihowaa, tasgabbiidhaan akkan jiraadhu kan godhu si qofa waan taʼeef,+
Ani nagaadhaan nan ciisa, nan rafas.+
Geggeessaa muuziqaatiif, Nehiilootiin.* Faarfannaa Daawit.
5 Yaa Yihowaa, dubbii koo dhagaʼi,+
Aaduu kootiifis xiyyeeffannaa kenni.
2 Yaa Mootii koo, yaa Waaqa koo, kadhannaa koo gara keetti waanan dhiheessuuf,
Iyyan gargaarsa argachuuf dhageessisuuf xiyyeeffannaa kenni.
3 Yaa Yihowaa, ati ganama sagalee koo ni dhageessa;+
Ani ganama yaaddoo koo sitti nan himadha,+ abdiidhaanis nan eeggadha.
4 Sababiin isaas, ati Waaqa hamminatti gammadu miti;+
Namni hamaa taʼe kam iyyuu sii wajjin hin jiraatu.+
5 Namni of tuulu kam iyyuu si dura hin dhaabbatu.
Yihowaan namoota hammina raawwatanii fi warra kaan gowwoomsan* ni balfa.+
7 Ani garuu jaalala kee isa amanamaadhaan kan kaʼe+ gara mana keetti nan seena;+
Kabaja guddaadhaan si sodaadhee+ gara kallattii mana qulqullummaa* kee isa qulqulluu taʼeetti nan sagada.
8 Yaa Yihowaa, diinota koo irraa kan kaʼe qajeelummaa keetiin na geggeessi.
Daandii kee ifa naaf godhi.+
9 Wanti isaan jedhan kam iyyuu amanamuu hin dandaʼu,
Hammina malee homtuu isaan keessa hin jiru,
Qoonqoon isaanii awwaala baname dha,
10 Waaqayyo garuu yakkamtoota taʼuu isaanii ni labsa;
Haxxummaan ofii isaanii akka kufan isaan godha.+
Balleessaa hedduu raawwachuu isaaniitiin kan kaʼe haa ariʼaman;
Sababiin isaas, isaan si irratti fincilaniiru.
11 Warri sitti kooluu galan hundi garuu ni gammadu;+
Isaan yeroo hundumaa ni ililchu.
Ati isaan ni eegda,
Warri maqaa kee jaallatanis sitti ni gammadu.
12 Yaa Yihowaa, ati isa qajeelaa taʼe kam iyyuu ni eebbista;
Akkuma gaachana guddaattis gaarummaadhaan isaanitti ni marsita.+
Geggeessaa muuziqaatiif; rukuttaa Shaminiitiin* meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Faarfannaa Daawit.
6 Yaa Yihowaa, dheekkamsa keetiin na hin adabin,
Aarii keetiinis sirreeffama naaf hin kennin.+
2 Yaa Yihowaa, humni koo dadhabaa waan jiruuf gaarummaa* natti argisiisi.
Yaa Yihowaa, lafeen koo hollachaa waan jiruuf na fayyisi.+
3 Eeyyee, ani* baayʼee jeeqameera,+
Yaa Yihowaa, kun hamma yoomiitti itti fufa?+ jedheen si gaafadha.
6 Aaduu koo irraa kan kaʼe bututeera;+
Halkan guutuu siree koo imimmaaniin nan jiisa;*
Iddoo ciisichaa koos booʼichaan nan dhiqa.+
7 Gadda koo irraa kan kaʼe ijji koo ni dadhabe;+
Warra na miidhan hundumaatiin kan kaʼes ni dukkanaaʼe.*
8 Yihowaan sagalee booʼicha kootii waan dhagaʼuuf,+
Isin warri hammina raawwattan hundi na biraa deemaa.
9 Yihowaan gaaffii ani gaarummaa isaa argachuuf dhiheessu ni dhagaʼa;+
Yihowaan kadhannaa kootiif deebii ni kenna.
10 Diinonni koo hundi ni qaanaʼu, ni jeeqamus;
Isaan hatattamaan salphatanii duubatti deebiʼu.+
Faaruu gaddaa Daawit dubbii Kuush Biiniyaamichaa ilaalchisee Yihowaadhaaf faarfate.
7 Yaa Waaqa koo Yihowaa, ani sitti kooluu galeera.+
Warra na ariʼatan hundumaa jalaa na oolchi, na baraaris.+
2 Taʼuu baannaan garuu isaan akkuma leencaatti na* cicciru,+
Kan na oolchu utuu hin jiraatin na fudhatanii deemu.
3 Yaa Waaqa koo Yihowaa, ani gama kanaan dogoggoreera yoon taʼe,
Haqa jalʼiseera yoon taʼe,
4 Isa wanta gaarii naaf godhe irratti balleessaa raawwadheera yoon taʼe+
Yookiin sababii malee diina koo saameera yoon taʼe,*
5 Diinni ariʼee na* haa dhaqqabu;
Lubbuu koo lafa irratti haa dhidhiitu,
Ulfinni koos biyyoo keessatti akka badu haa godhu. (Seelaa)
6 Yaa Yihowaa, dheekkamsa keetiin kaʼi;
Aarii diinota koo irrattis kaʼi;+
Naaf dammaqi, haqnis akka raawwatamu ajaji.+
7 Saboonni sitti haa marsan;
Atis ol gubbaadhaa isaan irratti tarkaanfii ni fudhatta.
8 Yihowaan namoota irratti murtii ni dabarsa.+
Yaa Yihowaa, akka qajeelummaa kootti,
Akka amanamummaa koottis murtii naaf kenni.+
9 Maaloo, gocha hamminaa hamoonni raawwatan dhaabsisi.
Qajeelota garuu hundeessii dhaabi,+
Sababiin isaas, ati Waaqa qajeelaa+ garaa namaa fi miira gad fagoo* qoru dha.+
10 Waaqayyo gaachana koo ti,+ inni warra garaa isaaniitti qajeelota taʼaniif Fayyisaa dha.+
12 Namni tokko yaada isaa yoo geddarachuu baate,+ inni goraadee isaa ni qarata;+
Iddaa isaas dabsee ni qopheeffata.+
13 Inni meeshaawwan waraanaa isaa warra nama ajjeesan,
Xiyyawwan isaa warra bobaʼanis ni qopheeffata.+
14 Isa hammina ulfaaʼe ilaali;
Inni rakkina garaatti baata, sobas ni dhala.+
15 Inni gad fageessee boolla ni qota,
Taʼus boolluma qote keessatti ni kufa.+
16 Rakkinni inni uume mataa isaa irratti ni deebiʼa;+
Hamminni isaas gubbee mataa isaa irratti ni buʼa.
17 Haqa isaatiif Yihowaa nan jajadha;+
Maqaa Yihowaa Isa Hundaa Oliitiif+ faarfannaa galataa nan faarfadha.*+
Geggeessaa muuziqaatiif; Giitiititti.* Faarfannaa Daawit.
8 Yaa Gooftaa keenya Yihowaa, guutummaa lafaa irratti maqaan kee akkam ulfina qabeessa dha!
Ati simboon kee samiiwwan irra illee kan caalu akka taʼu gooteetta!*+
2 Diinota keetiin kan kaʼe,
Dubbii afaan ijoollee fi afaan daaʼimmanii keessaa baʼuun+ jabina kee ni argisiiste;
Kanas kan goote, namoota hamoo fi warra si morman cal jechisiisuufi.
3 Samiiwwan warra hojii quba keetii taʼan,
Addeessaa fi urjiilee warra ati tolchite yommuun ilaalu,+
4 Akka isa yaadattuuf namni duʼu maali dha?
Akka isa kunuunsituufis ilmi namaa maali dha?+
6 Hojiiwwan harka keetii irratti ol aantummaa isaaf ni kennite;+
Wanta hundumaas miila isaa jala isaaf ni galchite.
7 Bushaayeewwanii fi loon hundumaa,
Akkasumas bineensota bosonaa,+
8 Allaattiiwwan samii fi qurxummii galaanaa,
Wanta daandiiwwan galaanotaa keessa darbu hundumaas miila isaa jala isaaf ni galchite.
9 Yaa Gooftaa keenya Yihowaa, guutummaa lafaa irratti maqaan kee akkam ulfina qabeessa dha!
Geggeessaa muuziqaatiif; Mutlaabeenitti.* Faarfannaa Daawit.
א [Aleef]
9 Yaa Yihowaa, garaa koo guutuudhaan sin jajadha;
Waaʼee hojiiwwan kee warra dinqisiisoo taʼan hundumaas nan dubbadha.+
2 Ani sitti nan gammada, nan ililchas;
Yaa Isa Hundaa Olii, maqaa keetiif faarfannaa galataa nan faarfadha.*+
ב [Beet]
3 Diinonni koo yommuu duubatti deebiʼan,+
Gufatanii si duraa ni badu.
4 Sababiin isaas, ati haqa naaf kenniteetta, naaf falmiteettas;
Ati teessoo kee irra teessee qajeelummaadhaan ni murteessita.+
ג [Giimel]
5 Saboota ifatteetta,+ hamootas balleessiteetta,
Maqaa isaanii baraa hamma bara baraatti haqxeetta.
6 Diinni bara baraaf balleeffameera;
Ati magaalota isaanii buqqisteetta,
Yaadannoon isaanii hundis ni bada.+
ה [Hii]
8 Inni warra lafa irra jiraataniif* qajeelummaadhaan murtii ni kenna;+
Sabootaafis murtoo seeraa qajeelaa taʼe ni dabarsa.+
ו [Waaw]
9 Yihowaan warra cunqurfamaniif iddoo amansiisaa kooluu itti galan* ni taʼa,+
Inni yeroo rakkinaatti kooluu amansiisaa dha.+
10 Warri maqaa kee beekan sitti amanamu;+
Yaa Yihowaa, ati warra si barbaaddatan matumaa hin dhiistu.+
ז [Zaayin]
11 Yihowaa isa Xiyoon keessa jiraatuuf faarfannaa galataa faarfadhaa;
Gochawwan isaas namoota gidduutti beeksisaa.+
12 Sababiin isaas, inni dhiiga isaaniitiif haaloo baʼu, isaan ni yaadata;+
Iyya warra cunqurfamaniis hin irraanfatu.+
ח [Heet]
13 Yaa Yihowaa, gaarummaa natti argisiisi;
Ati inni karrawwan duʼaa irraa na kaastu,+ cunqursaa warri na jibban na irraan gaʼan ilaali;
14 Kunis ani karrawwan intala Xiyoon+ irratti hojiiwwan kee warra jajamuu qaban akkan labsuuf,
Gochawwan fayyinaa keettis akkan gammaduufi.+
ט [Teet]
15 Saboonni boolluma ofii isaaniitiin qotan keessa lixaniiru;
Miilli isaanii kiyyoo ofii isaaniitiin dhoksaniin qabameera.+
16 Yihowaan murtii kennuun ni beekama.+
Inni hamaan hojiidhuma harka isaatiin kiyyoo keessa galeera.+
Higaayoon.* (Seelaa)
י [Yood]
17 Hamoonni gara Awwaalaatti* deebiʼu;
Saboonni Waaqayyoon irraanfatan hundis achi dhaqu.
כ [Kaaf]
19 Yaa Yihowaa, kaʼi! Namni duʼu si hin moʼin.
Saboonni si duratti itti haa murteeffamu.+
20 Yaa Yihowaa, sodaa isaanitti buusi,+
Saboonni namoota duʼan taʼuu isaanii haa beekan. (Seelaa)
ל [Laamed]
10 Yaa Yihowaa, maaliif fagoo dhaabbatta?
Yeroo dhiphina keenyaatti maaliif dhokatta?+
2 Inni hamaan of tuulummaadhaan isa gargaarsa hin qabne ni ariʼa,+
Taʼus inni maluma qopheesseen ni qabama.+
3 Sababiin isaas, inni hamaan fedhii ofittummaa* isaatiin of jaja,+
Isa sassattuu taʼes ni eebbisa;*
נ [Nuun]
Inni Yihowaa tuffata.
4 Namni hamaan of tuulummaa isaatiin kan kaʼe qorannaa hin godhu;
Yaada isaa guutuudhaan, “Waaqayyo hin jiru”+ jedha.
5 Wanta godhu irratti milkaaʼina ni argata,+
Murtiiwwan kee garuu hubannaa isaatii oli dha;+
Inni diinota isaa hundumaatti qoosa.*
6 Garaa isaatti, “Ani matumaa hin raafamu;*
Dhalootaa hamma dhalootaatti
Ani matumaa badiisa hin argu”+ jedhee yaada.
פ [Pee]
7 Afaan isaa abaarsaan, sobaa fi doorsisaan kan guutame dha;+
Arraba isaa jalas rakkinaa fi miidhaatu jira.+
8 Inni gandeen biratti riphee eeggata;
Iddoo dhokannaa isaa keessa taʼees nama balleessaa hin qabne ni ajjeesa.+
ע [Ayiin]
Ijji isaa isa nama gaddisiisu sana miidhuuf ilaallata.+
9 Akkuma leenca holqa* isaa keessa jiruutti, iddoo dhokannaa isaa keessa taʼee eeggata.+
Inni isa gargaarsa hin qabne qabachuuf eeggata.
Isa gargaarsa hin qabne kiyyoo isaa keessa galchee qabata.+
10 Inni qabame ni caccaba, gadis ni buufama;
Warri nama gaddisiisanis harka isaa* keessa buʼu.
11 Garaa isaatti, “Waaqayyo irraanfateera.+
Fuula isaa garagalcheera.
Matumaas hin hubatu”+ jedha.
ק [Qoof]
12 Yaa Yihowaa, kaʼi.+ Yaa Waaqayyo, harka kee ol kaasi.+
Warra gargaarsa hin qabne hin irraanfatin.+
13 Namni hamaan Waaqayyoon kan tuffatu maaliifi?
Inni garaa isaatti, “Ati akkan itti gaafatamu hin gootu” jedha.
ר [Reesh]
14 Taʼus ati rakkinaa fi dhiphina ni argita.
Ilaaltees furmaata ni kennita.+
ש [Shiin]
15 Yommuu hammina isaa barbaaddutti
Sana booda akka isa hin arganneef,
Irree nama jalʼaa fi irree nama hamaa cabsi.+
16 Yihowaan baraa hamma bara baraatti Mootii dha.+
Saboonni lafa irraa badaniiru.+
ת [Taaw]
17 Yaa Yihowaa, ati garuu gaaffii garraamotaa ni dhageessa.+
Garaa isaanii ni cimsita,+ xiyyeeffannaas isaaniif ni kennita.+
18 Namni lafa irraa inni duʼu sana booda akka isaan hin sodaachisneef,+
Ati mucaa abbaa hin qabnee fi warra caccabaniif haqaan ni murteessita.+
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
11 Ani Yihowaatti kooluu galeera.+
Maarree isin akkamitti akkana naan jettu?*
“Akkuma simbirrootti gara gaara keetti baqadhu!
2 Hamoonni iddaa akka dabsan ilaali;
Isaan dukkana keessaa warra garaa qajeelaa qaban waraanuuf,
Xiyya isaanii wadaroo iddaa irra kaaʼataniiru.
3 Buʼuurawwan haqaa yommuu diigamanitti,
Qajeelonni maal gochuu dandaʼu?”
4 Yihowaan mana qulqullummaa isaa isa qulqulluu keessa jira.+
Teessoon Yihowaa samiiwwan keessa jira.+
Ijji isaa ni ilaala; ijji isaa inni dammaqinaan argus* ilmaan namootaa ni qora.+
7 Yihowaan qajeelaa dha;+ inni gocha qajeelaa ni jaallata.+
Qajeelonni fuula isaa ni argu.*+
Geggeessaa muuziqaatiif; rukuttaa Shaminiitiin.* Faarfannaa Daawit.
12 Yaa Yihowaa, namni amanamaan kana booda waan hin jirreef na oolchi;
Warri amanamoon namoota gidduudhaa badaniiru.
2 Isaan soba walitti dubbatu;
Hidhii isaaniitiin sobaan ni jaju,* garaa gowwoomsaadhaanis* ni dubbatu.+
3 Yihowaan hidhii sobaan jaju hundumaa,
Arraba of jajuu baayʼisus ni kuta;+
4 Isaan, “Nuti arraba keenyaan ni moona.
Hidhii keenyattis akkuma feenetti fayyadamna;
Eenyutu gooftaa nu irratti taʼa?”+ jedhu.
5 Yihowaan, “Warri miidhaman waan cunqurfamaniif,
Warri hiyyeeyyiinis waan aadaniif,+
Tarkaanfii fudhachuuf nan kaʼa.
Warra isaan tuffatan* jalaas isaan nan oolcha” jedheera.
6 Dubbiin Yihowaa qulqulluu dha;+
Akka meetii iddoo ibiddaa suphee irraa tolfame* keessatti qulqulleeffametti siʼa torba kan qulqulleeffame dha.
7 Yaa Yihowaa, ati isaan ni eegda;+
Tokkoon tokkoon isaanis bara baraaf dhaloota kana irraa ni eegda.
8 Ilmaan namootaa seeraan ala taʼuu waan babalʼisaniif,
Hamoonni ittisa tokko malee asii fi achi deddeebiʼu.+
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
13 Yaa Yihowaa, hamma yoomiitti na irraanfatta? Bara baraafii?
Hamma yoomiitti fuula kee na jalaa dhoksita?+
2 Guyyaa guyyaadhaan garaa kootti gaddaa,
Hamma yoomiittan yaaddoo cimaa qabaadha?
Diinni koo hamma yoomiitti na moʼa?+
3 Yaa Waaqa koo Yihowaa, na ilaali, deebiis naaf kenni.
Akkan hin duuneef,* ija kootiif ifa kenni;
4 Diinni koos, “Ani isa moʼeera!” hin jedhin.
Warri na morkatan kufaatii kootti akka gammadan hin godhin.+
5 Ani garuu, jaalala kee isa amanamaatti nan amanama;+
Garaan koos gochawwan fayyinaa keetti ni gammada.+
6 Inni guddisee waan na kiiseef,+ ani Yihowaa nan faarfadha.
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
Namoonni akkanaa gochi isaanii mancaʼaa dha, wanti isaan hojjetanis jibbisiisaa dha;
Wanta gaarii kan hojjetu tokko illee hin jiru.+
2 Yihowaan garuu namni hubannaa qabuu fi namni Yihowaa barbaaddatu jiraachuu fi dhiisuu isaa ilaaluuf,
Samii irraa gara ilmaan namootaa gad ni ilaala.+
3 Hundi isaanii karaa irraa goraniiru;+
Hundi isaanii mancaʼaniiru.
Wanta gaarii kan hojjetu hin jiru,
Tokko illee hin jiru.
4 Warra balleessaa raawwatan keessaa tokko illee hin hubatuu?
Isaan akkuma nyaata nyaatanitti saba koo ni nyaatu.
Yihowaas hin waammatan.
5 Haa taʼu malee, Yihowaan dhaloota qajeelaa wajjin waan jiruuf,
Isaan naasuu guddaadhaan ni liqimfamu.+
6 Isin warri balleessaa raawwattan karoora nama rakkataa taʼee fashaleessuuf yaalii gootu;
Yihowaan garuu bakka inni kooluu itti galu isaaf ni taʼa.+
7 Fayyinni Israaʼel Xiyoon irraa haa dhufu!+
Yeroo Yihowaan saba isaa isa boojiʼame deebisee walitti qabutti,
Yaaqoob haa gammadu, Israaʼel haa ililchu.
Faarfannaa Daawit.
15 Yaa Yihowaa, keessummummaadhaan dunkaana kee keessatti kan simatamu eenyu?
Gaara kee isa qulqulluu irra kan jiraatu hoo eenyu?+
2 Nama balleessaa malee* deddeebiʼu,+
Nama wanta sirrii taʼe raawwatu,+
Akkasumas nama garaa isaatti dhugaa dubbatu.+
3 Inni arraba isaatiin maqaa hin balleessu,+
Wanta hamaa taʼe tokko illee nama irratti hin raawwatu,+
Kan isa miidhu yoo taʼe illee, waadaa* gale raawwachuu irraa duubatti hin jedhu.+
Namni wantoota kana raawwatu kam iyyuu matumaa hin raafamu.*+
Miktaamii* Daawit.
16 Yaa Waaqayyo, ani sitti kooluu waanan galeef na eegi.+
2 Yihowaadhaan akkana nan jedhe: “Ati Yihowaa dha; ati anaaf Madda gaarummaa ti.
4 Warri waaqolii kan biroo duukaa buʼan gadda isaanii baayʼisu.+
Ani matumaa aarsaa dhiigaa isaaniif hin dhiheessu,
Afaan koos maqaa isaanii hin dhaʼu.+
5 Yihowaan gaʼee koo, qooda koo isa naaf ramadamee+ fi xoofoo koo+ ti.
Ati dhaala koo ni eegda.
6 Iddoowwan gammachiisoon naaf safaramaniiru.
Eeyyee, ani dhaala kootti gammadeera.+
7 Yihowaa isa gorsa naaf kenne nan jajadha.+
Halkan illee yaanni keessa koo jiru* na sirreessa.+
8 Yeroo hunda Yihowaa of dura nan kaaʼadha.+
Inni mirga kootiin waan jiruuf, ani matumaa hin raafamu.*+
9 Kanaafuu, garaan koo ni gammada, guutummaan eenyummaa kootiis* ni ililcha.
Tasgabbiidhaanis nan jiraadha.*
10 Sababiin isaas, ati Awwaala* keessatti na* hin dhiistu.+
Inni siif amanamaa taʼes boolla akka argu* hin heyyamtu.+
11 Daandii jireenyaa na beeksisteetta.+
Kadhannaa Daawit.
17 Yaa Yihowaa, kadhata ani haqa argachuuf dhiheessu dhagaʼi;
Iyya ani gargaarsa argachuuf dhageessisuuf xiyyeeffannaa kenni;
Kadhannaa koo isa gowwoomsaa malee dhihaate dhagaʼi.+
2 Anaaf jedhiitii murtoo haqaa kenni;+
Ijji kee wanta sirrii taʼe haa argu.
3 Ati garaa koo ni qorte, halkaniinis na sakattaate;+
Na qulqulleessites;+
Ani wanta hamaa akkamii iyyuu akkan hin yaanne ni argita,
Afaan koos seera hin cabsine.
4 Namoonni kaan maal iyyuu yoo godhan,
Ani dubbii afaan keetii wajjin haala wal simuun daandii saamtotaa irraa nan fagaadha.+
5 Miilli koo akka hin gufannetti,+
Faanni koo daandii kee irra haa turu.
6 Yaa Waaqayyo, deebii waan naa kennituuf ani sin waammadha.+
Gurra kee natti qabi.* Dubbii koos dhagaʼi.+
7 Ati inni warra harka kee mirgaatti kooluu galuu barbaadan
Namoota si irratti fincila kaasan jalaa oolchitu,
Karaa dinqisiisaa taʼeen jaalala kee isa amanamaa argisiisi.+
9 Namoota hamoo na miidhan irraa,
Diinota koo warra na marsanii fi na ajjeesuu barbaadan* irraas na eegi.+
10 Isaan gara jabeeyyii taʼaniiru;*
Afaan isaaniitiin of tuulummaadhaan dubbatu;
11 Isaan nutti marsaniiru;+
Nu kuffisuuf* carraa eeggatu.
12 Inni akka leenca wanta adamsu cicciruuf eeggachaa jiruu ti;
Akka leenca saafelaa riphee eeggachaa jiruu ti.
13 Yaa Yihowaa, isa mormuudhaaf kaʼi,+ isa kuffisis;
Goraadee keetiin isa hamaa irraa na* oolchi;
14 Yaa Yihowaa, harka keetiin
Namoota addunyaa* kanaa warra qoodni isaanii jireenyuma kana taʼe jalaa,+
Warra wantoota gaggaarii qopheessiteen quubsitu jalaa,+
Akkasumas ilmaan isaanii warra hedduu taʼaniif dhaala dabarsan jalaa na oolchi.
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa tajaajilaa Yihowaa kan taʼe Daawit guyyaa Yihowaan harka diinota isaa hundumaa fi harka Saaʼol jalaa isa oolchetti Yihowaadhaaf faarfate. Akkana jedhe:+
18 Jabina koo kan taate yaa Yihowaa,+ ani sin jaalladha.
2 Yihowaan kattaa koo, dahoo koo fi isa na oolchu dha.+
Waaqni koo, qarsaa koo+ isan kooluu itti galu dha;
Inni gaachana koo, gaanfa* fayyinaa koo* fi iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu* dha.+
3 Yihowaa isa jajamuun isaaf malu nan waammadha,
Diinota koo jalaas nan oola.+
6 Yeroo dhiphina kootti Yihowaa nan waammadhe,
Gargaarsa argachuufis irra deddeebiʼee gara Waaqa kootti nan iyyadhe.
Innis mana qulqullummaa isaa keessa taʼee sagalee koo dhagaʼe,+
Iyyi ani gargaarsa argachuuf dhageessises gurra isaa ni gaʼe.+
7 Achiis lafti raafamuu fi hurgufamuu jalqabde,+
Buʼuurawwan gaarotaas ni hollatan,
Inni waan dheekkameef isaan asii fi achi raafaman.+
8 Funyaan isaa keessaa aarri ni baʼe,
Ibiddi nyaatu afaan isaa keessaa ni baʼe;+
Barbadaanis* isa keessaa burqe.
10 Inni kiruubel irra taaʼee barrisaa dhufe.+
Qoochoowwan uumama hafuuraa* irra taaʼees saffisaan gad buʼe.+
11 Achiis dukkanaan of golge,+
Naannoo isaas akkuma dunkaanaatti,
Bishaan gurraachii fi duumessi cimaan jira ture.+
12 Ifa isa dura jiru keessaa
Cabbiinii fi barbadaan ibiddaa duumessa uranii baʼan.
13 Achiis Yihowaan samii keessaa kakawweessaʼuu jalqabe;+
Inni Hundaa Oliis cabbii guguddaa fi barbadaadhaan
Sagaleen isaa akka dhagaʼamu godhe.+
15 Yaa Yihowaa, dheekkamsa keetiin, hafuura cimaa funyaan kee keessaa baʼuunis,+
Hundeen lageenii* ni mulʼate;+
Buʼuurawwan lafaas ni saaxilaman.
16 Bakka ol kaʼaa irraa harka isaa diriirse;
Inni na qabee bishaanota gad fagoo keessaa harkisee na baase.+
17 Diina koo isa cimaa jalaa,
Namoota na jibban, warra na caalaa ciccimoo taʼan jalaas na oolche.+
18 Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan,+
Yihowaan garuu na gargaare.
21 Ani daandiiwwan Yihowaa eegeera,
Waaqa koo dhiisuudhaanis hammina hin raawwanne.
22 Murtiiwwan isaa hundi fuula koo dura jiru;
Dambiiwwan isaa hin tuffadhu.
24 Yihowaan akka qajeelummaa kootti,
Akkuma harki koo isa duratti qulqulluu taʼettis naaf haa deebisu.+
25 Nama amanamaa taʼeef amanamaa ni taata,+
Nama balleessaa hin qabneefis balleessaa kan hin qabne taʼuu kee ni argisiista;+
26 Nama qulqulluudhaaf qulqulluu ni taata,+
Isa jalʼaatti garuu gamna taʼuu kee ni argisiista.+
28 Yaa Yihowaa, ibsaa koo kan ibsu,
Waaqni koo inni dukkana koo ibsu siʼi.+
29 Gargaarsa keetiin tuuta weerartootaa dura dhaabbachuu nan dandaʼa;+
Humna Waaqayyootiin dallaa utaaluu nan dandaʼa.+
Inni warra isatti kooluu galan hundumaatiif gaachana.+
31 Yihowaa malee Waaqni eenyu?+
Waaqa keenya malee qarsaan eenyu?+
33 Miila koo akka miila gadamsaa ni godha;
Iddoowwan ol kaʼoo taʼan irra akkan dhaabbadhu ni godha.+
34 Harka koo waraanaaf ni leenjisa;
Irreen koos iddaa sibiila diimaa dabsuu ni dandaʼa.
35 Ati gaachana fayyinaa naaf kennita,+
Harki kee mirgaa na deggera,
Gad of qabuun kees guddaa na godha.+
37 Diinota koo duukaa buʼee isaan nan dhaqqaba;
Hanga isaan haxaaʼamanii badanittis biraa hin deebiʼu.
38 Akka isaan ol kaʼuu hin dandeenyetti isaan nan caccabsa;+
Isaan miila koo jalatti kufu.
39 Waraanaaf jabina na hidhachiista;
Diinonni koo na jalatti akka kukkufan goota.+
41 Isaan gargaarsaaf ni iyyatu, garuu kan isaan oolchu tokko illee hin jiru;
Yihowaatti illee ni iyyatu, inni garuu isaaniif hin deebisu.
42 Akka awwaara bubbeen fudhatutti tumee isaan nan bulleessa;
Akka dhoqqee karaa irra jiruuttis alatti isaan nan darbadha.
43 Saba dogoggora funaanu irraa na oolchita.+
Mataa sabootaa gootee na muudda.+
Namoonni ani hin beeknes na tajaajilu.+
44 Isaan oduu dhagaʼaniin qofa anaaf ni ajajamu;
Namoonni biyya ormaa hollachaa na duratti dhihaatu;+
45 Namoonni biyya ormaa ni sodaatu;*
Hollachaas dahoo isaanii keessaa ni baʼu.
46 Yihowaan jiraataa dha! Qarsaan koo haa jajamu!+
Waaqni fayyisaa koo taʼe ol haa qabamu.+
47 Waaqni dhugaan anaaf haaloo ni baʼa;+
Namoonnis akka anaaf bitaman ni godha.
48 Inni diinota koo warra aaran irraa na oolcha;
Ati warra na miidhan gararraatti ol na kaasta;+
Nama hamaa jalaas na oolchita.
49 Yaa Yihowaa, saboota gidduutti ulfina kanan siif kennu kanaafi,+
50 Inni mootii isaatiif gochawwan fayyinaa* guguddaa ni raawwata;+
Isa dibe sanatti,
Daawitii fi sanyii isaatti bara baraaf+ jaalala amanamaa ni argisiisa.+
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
2 Guyyaa guyyaa dubbiin isaanii ni madda,
Halkan halkanis beekumsa mulʼisu.
3 Dubbiin hin jiru, jechis hin jiru;
Sagaleen isaanii hin dhagaʼamu.
4 Taʼus, sagaleen* isaanii guutummaa lafaa irratti,
Inni samii irratti aduudhaaf dunkaana dhaabeera;
5 Ishiin akka misirroo diinqa misirroo keessaa baʼuu ti;
Akka goota dorgommii fiigichaa fiigaa jiruuttis ni gammaddi.
6 Ishiin fiixee samii isa tokko irraan baatee
Gara fiixee isa kaaniitti naannofti;+
Wanti hoʼa ishii jalaa dhokatu tokko illees hin jiru.
7 Seerri Yihowaa mudaa hin qabu,+ humna namaa haaressa.*+
Yaadachiisni Yihowaa kan amanamu dha,+ isa muuxannoo hin qabne ogeessa godha.+
8 Qajeelfamni Yihowaa qajeelaa dha, garaa namaa gammachiisa;+
Ajajni Yihowaa qulqulluu dha, ija namaa ibsa.+
9 Yihowaa sodaachuun+ taliila,* bara baraaf jiraata.
Murtiiwwan Yihowaa dhugaa dha, guutummaatti qajeeloo dha.+
10 Isaan warqii caalaa,
Warqii gaarii* hedduu caalaas gatii guddaa qabu;+
Damma caalaa, nadhii dammaa dhaaba dammaa keessaa coccophu caalaas ni miʼaawu.+
12 Dogoggora hubachuu kan dandaʼu eenyu?+
Cubbuu ani hin hubanne irraa qulqulluu akkan taʼe beeksisi.
13 Tajaajilaa kee gochawwan of tuulummaadhaan raawwataman irraa eegi;+
Isaan akka na moʼan hin heyyamin.+
14 Qarsaa koo+ fi furii+ koo kan taate Yaa Yihowaa,
Wantin afaan kootiin dubbadhuu fi wantin garaa kootti yaadu kan si gammachiisu haa taʼu.+
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
20 Guyyaa dhiphinaatti Yihowaan kadhannaa keetiif deebii siif haa kennu.
Maqaan Waaqa Yaaqoob si haa eegu.+
3 Kennaawwan kee warra aarsaa taʼanii dhihaatan hunda haa yaadatu;
Aarsaa kee isa gubamus gammachuudhaan haa fudhatu.* (Seelaa)
Yihowaan kadhata kee hundumaa siif haa raawwatu.
6 Yihowaan isa dibe sana akka oolchu amma ani beekeera.+
Inni samii isaa isa qulqulluu taʼe irraa,
Harka isaa mirgaatiin fayyina* guddaadhaan deebii isaaf ni kenna.+
7 Tokko tokko gaariiwwan fardaatti, warri kaanis fardeenitti amanamu,+
Nuti garuu maqaa Waaqa keenya Yihowaa ni waammanna.+
8 Isaan gufatanii kufaniiru,
Nuti garuu kaanee iddootti deebineerra.+
9 Yaa Yihowaa, mooticha oolchi!+
Inni guyyaa gargaarsa argachuuf iyyannutti deebii nuuf kenna.+
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
21 Yaa Yihowaa, jabina keetiin mootichi ni gammada;+
Inni gochawwan fayyinaa keetti baayʼee gammada!+
2 Ati fedhii garaa isaa isaaf ni guutte,+
Kadhata afaan isaas isa hin dhowwanne. (Seelaa)
5 Gochawwan fayyinaa kee ulfina guddaa isaaf argamsiisu.+
Atis kabajaa fi simboo isaaf ni kennite.
6 Bara baraaf kan eebbifame akka taʼu ni goota;+
Gammachuu isaa wajjin taʼuu keetiin argamuun* akka gammadu ni goota.+
7 Mootichi Yihowaatti amanama;+
Jaalala amanamaa Isa Hundaa Oliitiin kan kaʼes inni matumaa hin raafamu.*+
8 Harki kee diinota kee hundumaa ni qabata;
Harki kee mirgaas warra si jibban ni qabata.
9 Yeroo murteeffametti yommuu xiyyeeffannaa isaaniif kennitu akkuma iddoo ibiddaa bobaʼaa jiruu isaan ni goota.
Yihowaan dheekkamsa isaatiin isaan ni liqimsa, ibiddis isaan ni nyaata.+
10 Ati sanyii* isaanii lafa irraa,
Ijoollee isaaniis ilmaan namootaa gidduudhaa ni balleessita.
13 Yaa Yihowaa, jabina keetiin kaʼi.
Nuti guddina keetiif faarfannaa galataa ni faarfanna.*
Geggeessaa muuziqaatiif; “Gadamsa Dhaltuu Barraaqaatiin.”* Faarfannaa Daawit.
22 Yaa Waaqa koo, yaa Waaqa koo, maaliif na dhiiste?+
Na oolchuu irraa,
Iyya dhiphina koo irraas kan fagaatte maaliifi?+
2 Yaa Waaqa koo, guyyaa irra deddeebiʼee sin waammadha, ati garuu deebii naaf hin kennitu;+
Halkanis ani calluma hin jedhu.
5 Isaan gara keetti ni iyyatan, ni oolanis;
Sitti ni amanaman, hin qaanofnes.+
7 Warri na argan hundi natti qoosu;+
Afaan isaanii jalʼisanii qoosaadhaan mataa isaanii natti raasaa akkana jedhu:+
8 “Yihowaatti of kenneera. Inni isa haa baraaru!
Isa biratti baayʼee jaallatamaa waan taʼeef, inni isa haa oolchu!”+
9 Gadameessa keessaa kan na baase,+
Harma haadha koo irrattis tasgabbiin akka natti dhagaʼamu kan godhe siʼi.
10 Ergan dhaladhee jalqabee kunuunsa keetti nan amanama;*
Gadameessa haadha tiyyaa irraa jalqabees ati Waaqa koo ti.
14 Ani akkuma bishaaniitti dhangalaʼeera;
Lafeewwan koo hundi wal gadhiisaniiru.
15 Jabinni koo akkuma qiraaciitti goggoge;+
Arrabni koo laagaa kootti maxxane;+
Ati gara biyyoo duʼaatti gad na buusta.+
Akkuma tuuta jalʼootaatti balbala natti cufan,+
Akkuma leencaattis harka koo fi miila koo ciniinaa jiru.+
17 Lafeewwan koo hundumaa lakkaaʼuu nan dandaʼa.+
Isaan na ilaalu, ijas na irraa hin buqqifatan.
19 Ati garuu yaa Yihowaa, na irraa hin fagaatin.+
Ati jabina koo ti; na gargaaruuf ariifadhu.+
21 Afaan leencaa fi gaanfa gafarsaa irraa na oolchi;+
Deebii naaf kenni, na oolchis.
23 Isin warri Yihowaa sodaattan isa jajadhaa!
Isin sanyiin Yaaqoob hundi ulfina isaaf kennaa!+
Isin sanyiin Israaʼel hundi kabaja guddaa isaaf qabaadhaa.
24 Inni rakkina isaatiin kan kaʼe isa cunqurfame* hin tuffanne, hin jibbines;+
Fuula isaas isa jalaa hin dhoksine.+
Yeroo gargaarsa argachuuf gara isaatti iyyu inni isa dhagaʼeera.+
25 Gumii guddaa keessatti sin jajadha;+
Warra isa sodaatan duratti wareega koo nan raawwadha.
Bara baraaf gammachuudhaan jiraadhaa.*
27 Guutummaan andaara lafaa Yihowaa ni yaadata, gara isaattis ni deebiʼa.
Maatiiwwan sabootaa hundi si duratti ni sagadu.+
28 Sababiin isaas, mootummaan kan Yihowaa ti;+
Inni saboota irratti ni bulcha.
29 Sooreyyiin* lafa irratti argaman hundi ni nyaatu, ni sagadus;
Warri gara biyyootti gad buʼan hundi isa duratti ni jilbeenfatu;
Isaan keessaa lubbuu isaa tursuu kan dandaʼu hin jiru.
30 Sanyiiwwan isaanii isa tajaajilu;
Dhaloota dhufuttis waaʼeen Yihowaa ni himama.
31 Isaan dhufanii waaʼee qajeelummaa isaa ni dubbatu.
Namoota gara fuulduraatti dhalatanitti wanta inni raawwate ni himu.
Faarfannaa Daawit.
Homtuu natti hin hirʼatu.+
Maqaa isaatiif jedhee daandii qajeelummaa irra na geggeessa.+
4 Ati anaa wajjin waan jirtuuf,+
Sulula dukkanaaʼaa keessa yoon deeme illee,+
Miidhaan na irra gaʼa jedhee hin sodaadhu;+
Uleen ittiin tiksituu fi uleen ittiin qajeelchitu na jajjabeessu.
5 Diinota koo duratti maaddii naaf qopheessita.+
6 Bara jireenyaa koo hundumaatti gaarummaan kee fi jaalalli kee inni amanamaan dhugumaan na hordofu;+
Anis bara jireenyaa koo hundumaatti mana Yihowaa keessa nan jiraadha.+
Faarfannaa Daawit. Faarfannaa.
24 Laftii fi wanti ishii keessa jiru hundi,
Lafti oomisha kennituu fi warri ishii irra jiraatan kan Yihowaa ti.+
2 Sababiin isaas, inni galaanota irra cimsee ishii dhaabeera,+
Lageen irras cimsee ishii hundeesseera.
3 Gara gaara Yihowaatti kan ol baʼu eenyu?+
Iddoo qulqulluu isaa keessa kan dhaabbatu hoo eenyu?
4 Nama harki isaa yakka hin raawwannee fi garaan isaa qulqulluu taʼe,+
Nama lubbuu kootiin* sobaan hin kakanne,
Akkasumas nama gowwoomsaadhaan hin kakanne dha.+
6 Yaa Waaqa Yaaqoob, dhaloonni warra isa barbaaddatanii,
Kan warra fuula kee barbaaddataniis kana dha. (Seelaa)
7 Isin karroonni mataa keessan ol qabaa;+
Mootiin ulfina qabeessi akka seenuuf,
8 Mootiin ulfina qabeessi kun eenyu?
9 Isin karroonni mataa keessan ol qabaa;+
Mootiin ulfina qabeessi akka seenuuf,
Isin balbaloonni bara durii banamaa!
10 Mootiin ulfina qabeessi kun eenyu?
Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti; inni Mootii ulfina qabeessa dha.+ (Seelaa)
Faarfannaa Daawit.
א [Aleef]
25 Yaa Yihowaa, ani gara keetti nan garagala.*
ב [Beet]
Diinonni koo rakkina na irra gaʼetti akka gammadan hin godhin.+
ג [Giimel]
3 Namni si abdatu kam iyyuu matumaa hin qaanaʼu,+
Warra sababa malee haxxummaa raawwatan garuu qaaniitu eeggata.+
ד [Daalet]
ה [Hii]
5 Ati Waaqa fayyinaa koo waan taateef,
Dhugaa kee keessa akkan deddeebiʼu godhi, na barsiisis.+
ו [Waaw]
Guyyaa guutuu ani sin abdadha.
ז [Zaayin]
6 Yaa Yihowaa, gara laafina kee fi jaalala kee isa amanamaa,+
ח [Heet]
7 Cubbuun bara dargaggummaatti raawwadhee fi balleessaa koo hin yaadatin.
ט [Teet]
8 Yihowaan gaarii fi qajeelaa dha.+
Cubbamoonni daandii jireenyaa irra akka deeman kan barsiisu kanaafi.+
י [Yood]
כ [Kaaf]
10 Warra kakuu+ isaa fi yaadachiisawwan+ isaa eeganiif,
Daandiiwwan Yihowaa hundi jaalala isaa isa amanamaa fi amanamummaa isaa mulʼisu.
ל [Laamed]
11 Yaa Yihowaa, dogoggorri koo guddaa taʼus,
Maqaa keetiif jedhii+ naaf dhiisi.
מ [Meem]
12 Namni Yihowaa sodaatu eenyu?+
Waaqayyo waaʼee daandii inni filachuu qabuu isa ni barsiisa.+
נ [Nuun]
ס [Saamek]
ע [Ayiin]
15 Inni miilli koo kiyyoo irraa walaba akka taʼu waan godhuuf,+
Ijji koo yeroo hunda gara Yihowaa ni ilaala.+
פ [Pee]
16 Ani koʼeessaa fi gargaaraa kan hin qabne waanan taʼeef,
Fuula kee gara kootti naannessi, gaarummaas natti argisiisi.
צ [Tsadee]
17 Dhiphinni garaa kootii baayʼateera;+
Yaaddoo koo irraa bilisa na baasi.
ר [Reesh]
19 Diinonni koo hammam akka baayʼatan,
Jibbi isaan naaf qabanis hammam guddaa akka taʼe ilaali.
ש [Shiin]
20 Lubbuu koo eegi, na oolchis.+
Ani kooluu waanan sitti galeef, na hin qaanessin.
ת [Taaw]
22 Yaa Waaqayyo, dhiphina isaa hundumaa irraa Israaʼeliin oolchi.*
Faarfannaa Daawit.
26 Yaa Yihowaa, ani amanamummaa kootiin waanan deddeebiʼeef murtii naaf kenni;+
Ani utuun asii fi achi hin jedhin Yihowaa amanadheera.+
3 Jaalalli kee inni amanamaan yeroo hundumaa na dura jira,
Anis dhugaa kee keessa nan deddeebiʼa.+
4 Namoota gowwoomsaa raawwatanii wajjin michuu hin taʼu,*+
Warra eenyummaa isaanii dhoksan irraas nan fagaadha.*
5 Namoota hamoo taʼanii wajjin taʼuu nan jibba,+
6 Yaa Yihowaa, qulqulluu taʼuu koo argisiisuuf harka koo nan dhiqadha,
Iddoo aarsaa keettis nan naannaʼa;
7 Kanas kanan godhu, sagaleen galataa akka dhagaʼamu gochuuf,+
Hojiiwwan kee warra dinqisiisoo taʼan hundumaas labsuufi.
8 Yaa Yihowaa, mana ati keessa jiraattu,
Bakka ulfinni kee jirus nan jaalladha.+
9 Cubbamootaa wajjin haxooftee na* hin balleessin,+
Namoota jalʼoota taʼanii* wajjinis lubbuu koo hin fudhatin;
10 Harki isaanii gochawwan qaanessaa taʼan ni raawwata,
Harki mirgaa isaaniis mattaʼaadhaan guutameera.
11 Ani garuu amanamummaa kootiin nan deddeebiʼa.
Na oolchi,* gaarummaas natti argisiisi.
12 Miilli koo lafa wal qixa taʼe irra dhaabbateera;+
Gumii guddaa* keessatti Yihowaa nan jajadha.+
Faarfannaa Daawit.
27 Yihowaan ifa+ koo fi fayyisaa koo ti.
Eenyuunan sodaadha?+
Yihowaan lubbuu kootiif dahoo dha.+
Eenyutu na naasisa?
2 Namoonni hamoon foon koo nyaachuuf yommuu na haleelanitti,+
Gufatanii kan kufan hamajaajotaa fi diinota koo ti.
Waraanni ana irratti yoo banames,
Yeroo sanatti iyyuu ani sodaa maleen jiraadha.
4 Wanta tokko Yihowaa nan gaafadha,
Isas hawwiidhaan nan eeggadha,
Innis bara jireenyaa koo hundumaatti mana Yihowaa keessa jiraachuu,+
Gaarummaa Yihowaa arguu,
5 Inni guyyaa badiisaatti gaaddisa isaa keessa na dhoksa;+
Iddoo dhokataa dunkaana isaa keessatti na golga;+
Qarsaa ol kaʼaa irras na kaaʼa.+
6 Mataan koo diinota koo warra natti marsanii olitti argama;
Dunkaana isaa keessatti ililchuudhaan aarsaa isaaf nan dhiheessa;
Yihowaadhaaf faarfannaa galataa nan faarfadha.*
8 Garaan koo ajaja ati,
“Fuula koo barbaaddadhaa” jettee kennite natti himeera.
Yaa Yihowaa, ani fuula kee nan barbaaddadha.+
9 Fuula kee na jalaa hin dhoksin.+
Dheekkamsa keetiin tajaajilaa kee of irraa hin deebisin.
Ati gargaaraa koo ti.+
Yaa Waaqa fayyinaa koo, na hin gatin, na hin dhiisinis.
11 Yaa Yihowaa, karaa kee na barsiisi,+
Diinota koo irraa kan kaʼe, daandii qajeelummaa irra na geggeessi.
12 Ragoonni sobaa ana irratti waan kaʼaniif,+
Hamminaanis waan na doorsisaniif,
13 Yommuun lubbuudhaan jirutti gaarummaa Yihowaa akkan argu,+
Utuun amantii hin qabu taʼee, silaa maalan taʼan ture?*
Eeyyee, Yihowaa abdadhu.
Faarfannaa Daawit.
28 Qarsaa koo kan taate yaa Yihowaa, ani yeroo hundumaa sin waammadha;+
Gurra kee naaf bani.
2 Harka koo gara kutaa isa keessaa iddoo qulqulluu keetti argamuutti ol kaasee,
Gargaarsa argachuuf gara keetti yommuun iyyadhu kadhata koo dhagaʼi.+
3 Hamoota warra wanta nama miidhu raawwatanii wajjin na hin gatin;+
Isaan utuma garaa isaanii keessa hamminni jiruu, namootaa wajjin waaʼee nagaa dubbatu.+
4 Akkuma gocha hamminaa isaaniitti,
Wanta raawwatan isaanitti deebisi.+
Akkuma isaan godhanittis,
Hojii harka isaanii isaaniif deebisi.+
5 Sababiin isaas, isaan gochawwan Yihowaatiif,
Hojii harka isaatiifis xiyyeeffannaa hin kennine.+
Inni isaan ni diiga, isaan hin ijaarus.
6 Kadhata ani gargaarsa argachuuf dhiheesse waan dhagaʼeef,
Yihowaan haa jajamu.
Gargaarsa isaa argadheera, garaan koos gammadeera;
Kanaafuu, faarfannaa kootiin isa nan jajadha.
8 Yihowaan saba isaatiif jabina dha;
Inni isa dibe sanaaf dahoo fayyina guddaa fidu dha.+
9 Saba kee oolchi, dhaala kees eebbisi.+
Bara baraaf isaan tiksi, irree keettis isaan baadhu.+
Faarfannaa Daawit.
29 Isin ilmaan warra jajjaboo, wanta isaaf malu Yihowaadhaaf kennaa,
Ulfinaa fi jabina isaatiif wanta isaaf malu Yihowaadhaaf kennaa.+
2 Ulfina maqaa isaatiif malu Yihowaadhaaf kennaa.
Uffata qulqullummaa uffadhaatii* Yihowaadhaaf sagadaa.*
3 Sagaleen Yihowaa bishaanota gubbaatti ni dhagaʼame;
Waaqni ulfina qabeessi ni kakawweessaʼa.+
Yihowaan bishaanota hedduu irra jira.+
4 Sagaleen Yihowaa humna qabeessa dha;+
Sagaleen Yihowaa ulfina qabeessa dha.
5 Sagaleen Yihowaa mukeetii gaattiraa ni caccabsa;
Eeyyee, Yihowaan mukeetii gaattiraa Libaanon ni hurreessa.+
7 Sagaleen Yihowaa labooba ibiddaatiin ni rukuta.+
8 Sagaleen Yihowaa lafti onaan akka hollatu godha;+
Yihowaan lafti onaan Qaadesh+ akka hollatu godha.
9 Sagaleen Yihowaa gadamsi akka hollattuu fi akka dhaltu godha,
Bosonas qullaatti hambisa.+
Mana qulqullummaa isaa keessa kan jiran hundi, “Ulfinni Waaqayyoof haa taʼu!” jedhu.
10 Yihowaan bishaan badiisaatii* olitti teessoo irra taaʼa;+
Yihowaan Mootii taʼee bara baraaf teessoo irra taaʼa.+
11 Yihowaan saba isaatiif jabina kenna.+
Yihowaan saba isaa nagaadhaan eebbisa.+
Faarfannaa. Faarfannaa eebba manichaa. Faarfannaa Daawit.
30 Yaa Yihowaa, waan ol na qabdeef* ani sin jajadha;
Ati diinonni koo kufaatii kootti akka gammadan hin goone.+
2 Yaa Waaqa koo Yihowaa, ani gargaarsa argachuuf gara keetti nan iyyadhe, atis na fayyiste.+
3 Yaa Yihowaa, ati Awwaala* keessaa na* baasteetta.+
Lubbuudhaan na jiraachisteetta; boollatti* lixuu irraas na oolchiteetta.+
4 Isin warri isaaf amanamoo taatan, Yihowaadhaaf faarfannaa galataa faarfadhaa,*+
Maqaa* isaa isa qulqulluudhaaf galata galchaa;+
5 Sababiin isaas, dheekkamsi isaa yeroo muraasaaf qofa tura,+
Galgala booʼichi dhufuu dandaʼa, ganama garuu ililchatu jira.+
6 Yommuun hin rakkannetti,
“Ani matumaa hin raafamu”* nan jedhe.
7 Yaa Yihowaa, yommuun gaarummaa* kee argadhee jirutti, ati akkuma gaaraatti cimaa na goote.+
Yeroo fuula kee dhoksitu garuu, ani nan jeeqame.+
8 Yaa Yihowaa, ani yeroo hunda sin waammadha;+
Gaarummaa isaa argachuuf yeroo hunda Yihowaa nan kadhadha.
9 Duʼuun* koo, gara boollaatti* lixuun koos buʼaa maalii qaba?+
Biyyoon si jajataa?+ Amanamummaa kee hoo ni dubbataa?+
10 Yaa Yihowaa, na dhagaʼi, gaarummaas natti argisiisi.+
Yaa Yihowaa, ati gargaaraa koo taʼi.+
11 Gadda koo gara shubbisaatti jijjiirteetta;
Uffata gaddaa koo na irraa baastee gammachuu natti uwwisteetta.
12 Kanaan kan kaʼes, ani faarfannaa galataa siif nan faarfadha,* callumas hin jedhu.
Yaa Waaqa koo Yihowaa, bara baraaf sin jajadha.
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
31 Yaa Yihowaa, ani sitti kooluu galeera.+
Matumaa qaaniin na irra hin gaʼin.+
Qajeelummaa keetiin kan kaʼe na oolchi.+
2 Gurra kee natti qabi.*
Na oolchuuf dafii kottu.+
Ana oolchuudhaaf dahoo gaaraa,
Iddoo dallaa dhagaa qabus naaf taʼi.+
5 Hafuura koo imaanaadhaan harka keetti nan kennadha.+
Waaqa dhugaa* kan taate yaa Yihowaa,+ ati na furteetta.
6 Warra waaqolii tolfamoo gatii hin qabne waaqeffatan nan jibba,
Ani garuu Yihowaatti nan amanama.
7 Ati rakkina koo waan argiteef,+
Jaalala kee isa amanamaatti guddaa nan gammada;
Ati dhiphina koo isa cimaa* beekta.
8 Ati harka diinaatti dabarsitee na hin kennine,
Kanaa mannaa, bakka balaa irraa walaba* taʼe irra na dhaabdeetta.
9 Yaa Yihowaa, dhiphina keessa waanan jiruuf, gaarummaa natti argisiisi.
Dhiphinni ija koo, guutummaa qaama kootiis* dadhabsiiseera.+
Dogoggora kootiin kan kaʼe jabinni koo laafeera;
Lafeewwan koos dadhabaniiru.+
11 Diinonni koo hundi,
Keessumaa immoo olloonni koo na tuffataniiru.+
Michoonni koo na sodaatan;
Yommuu addabaabayiitti na argan, na irraa baqatu.+
12 Ani akka nama duʼeetti sammuu* isaanii keessaa baʼeera, irraanfatameeras;
Ani akka hubboo* cabaa taʼeera.
13 Jette jettee hamaa hedduu dhagaʼeera;
Naasuun natti marseera.+
Isaan tokko taʼanii yommuu na irratti walitti qabaman,
Lubbuu koo balleessuuf mala qopheessu.+
14 Yaa Yihowaa, ani garuu sittan amanama.+
“Ati Waaqa koo ti”+ jedhee nan labsa.
15 Guyyoonni* koo si harka jiru.
Harka diinota koo fi harka warra na ariʼatanii irraa na oolchi.+
16 Fuulli kee tajaajilaa kee irratti akka ifu godhi.+
Jaalala kee isa amanamaadhaan na oolchi.
17 Yaa Yihowaa, yommuun si waammadhu na hin qaanessin.+
18 Warri sobduun,
Warri of tuulummaa fi tuffiidhaan isa qajeelaa irratti dubbatan arrabni isaanii haa xaxamu.+
19 Gaarummaan kee akkam baayʼee dha!+
Ati warra si sodaataniif isa keesseetta;+
Warra sitti kooluu galaniif jettees, gaarummaa kee namoota hundumaa duratti argisiisteetta.+
20 Ati haxxummaa namootaa jalaa,
Iddoo dhokataa si bira jiru keessa isaan dhoksita;+
Ati haleellaa hamaa* jalaa,
Gaaddisa kee keessatti isaan golgita.+
21 Magaalaa marfamte keessatti+ karaa dinqisiisaa taʼeen jaalala isaa isa amanamaa waan natti argisiiseef,+
Yihowaan haa jajamu.
22 Ani naʼee,
“Si duraa nan balleeffama”+ jedheen ture.
Ati garuu gara keetti yommuun iyyadhu, kadhata ani gargaarsa argachuuf dhiheesse ni dhageesse.+
23 Warri isaaf amanamoo taatan hundi Yihowaa jaalladhaa!+
Yihowaan warra amanamoo taʼan ni eega,+
Nama of tuulummaa argisiisu kam iyyuu garuu adaba cimaa ni adaba.+
Faarfannaa Daawit. Maaskiil.*
32 Namni balleessaan isaa isaaf dhiifame, cubbuun isaas isaaf haguugame* gammadaa dha.+
2 Namni Yihowaan yakkaan isa hin gaafanne,+
Gowwoomsaanis yaada isaa keessatti hin argamne gammadaa dha.
3 Yommuun calluma jedhetti, guyyaa guutuu aaduu kootiin kan kaʼe lafeen koo ni dhume.+
4 Sababiin isaas, halkanii fi guyyaa harki* kee natti ulfaateera.+
Jabinni koo akkuma bishaan hoʼa bonaa keessa jiruutti hurkeera.* (Seelaa)
Ani, “Balleessaa koo Yihowaatti nan himadha” nan jedhe.+
Atis dogoggora koo fi cubbuu koo naaf dhiiste.+ (Seelaa)
Sana booda lolaan illee isa bira hin gaʼu.
Ililcha fayyinaatiin na marsita.+ (Seelaa)
8 “Ani hubannaa siifan kenna, karaa irra deemuu qabdu ilaalchisees qajeelfama siifan kenna.+
Ija koo si irra kaaʼee sin gorsa.+
9 Isin akka fardaa fi gaangee hubannaa hin qabnee hin taʼinaa,+
Isaan isinitti* dhihaachuu isaanii dura,
Luugamaa fi fuuloodhaan* toʼatamuu qabu.”
10 Rakkinni nama hamaa hedduu dha;
Namni Yihowaatti amanamu garuu jaalala isaa isa amanamaadhaan marfameera.+
11 Isin qajeelonni Yihowaatti gammadaa, ililchaas;
Isin warri garaa qajeelaa qabdan hundi ililchaa.
33 Isin qajeelonni wantoota Yihowaan raawwateen kan kaʼe ililchaa.+
Qajeelonni isa jajachuun isaanii sirrii dha.
2 Baganaadhaan Yihowaadhaaf galata galchaa;
Meeshaa muuziqaa ribuu kudhan qabuun faarfannaa galataa isaaf faarfadhaa.*
3 Faarfannaa haaraa isaaf faarfadhaa;+
Meeshaa muuziqaa ribuu qabuun akka gaariitti taphadhaa, ililchaas.
4 Sababiin isaas, dubbiin Yihowaa qajeelaa dha,+
Wanti Waaqayyo godhu hundis kan amanamu dha.
5 Inni qajeelummaa fi haqa ni jaallata.+
Lafti jaalala Yihowaa isa amanamaadhaan guutamteetti.+
6 Dubbii Yihowaatiin samiiwwan,
Hafuura afaan isaatiinis wantoonni isaan keessa jiran* hundi tolfamaniiru.+
7 Inni akkuma hidhaatti bishaanota walitti ni qaba;+
Dambaliiwwan bishaaniis manneen kuusaa keessa ni kaaʼa.
8 Guutummaan lafaa Yihowaa haa sodaattu.+
Jiraattonni lafa oomisha kennituus kabaja guddaa isaaf haa qabaatan.
9 Inni ni dubbate, wanti inni dubbates ni raawwatame;+
Inni ni ajaje, wanti inni ajajes jabaatee dhaabbate.+
11 Murtoon* Yihowaa garuu bara baraaf jabaatee dhaabbata;+
Wanti inni garaa isaatti yaade dhalootaa hamma dhalootaatti jiraata.
12 Sabni Waaqni isaa Yihowaa taʼe,
Sabni inni qabeenya dhuunfaa isaa godhee filates gammadaa dha.+
13 Yihowaan samii irraa gad ni ilaala;
Ilmaan namootaa hundumaas ni arga.+
14 Bakka jireenyaa isaatii
Jiraattota lafa irraa ni arga.
15 Garaa namoota hundumaa kan tolchu isa dha;
Inni hojiiwwan isaanii hundumaa ni qora.+
16 Mootiin raayyaa waraanaa hedduu qabaachuudhaan oolu hin jiru;+
Namni jabaanis humna isaa isa guddaadhaan hin oolu.+
17 Fardi fayyina* argamsiisa jedhanii amanamuun abdii gatii hin qabne dha;+
Jabinni isaa inni cimaanis miliquuf wabii hin taʼu.
18 Kunoo, ijji Yihowaa warra isa sodaatan,
Warra jaalala isaa isa amanamaa eeggatan ni ilaala;+
19 Kanas kan godhu, duʼa irraa isaan* oolchuuf,
Yeroo beelaattis lubbuudhaan isaan tursuufi.+
20 Nuti* abdiidhaan Yihowaa eegganna.
Inni gargaaraa keenyaa fi gaachana keenya.+
21 Maqaa isaa isa qulqulluutti waan amanamnuuf,
Garaan keenya isatti ni gammada.+
Faarfannaa Daawit yeroo Abimelek duratti qalbii kan dabarse fakkaatee+ dhihaachuu isaatti inni ariʼee isa baasetti faarfate.
א [Aleef]
34 Yeroo hundumaa Yihowaa nan jajadha;
Galanni isaa yoom iyyuu afaan koo irra jira.
ב [Beet]
ג [Giimel]
ד [Daalet]
4 Ani Yihowaa nan kadhadhe, innis deebii naaf kenne.+
Sodaa koo hundumaa jalaas na oolche.+
ה [Hii]
5 Warri gara isaa ilaalan ni ifan;
Fuulli isaaniis qaaneffamuu hin dandeenye.
ז [Zaayin]
6 Inni rakkataan kun ni iyyate, Yihowaanis ni dhagaʼe.
Dhiphina isaa hundumaa jalaas isa oolche.+
ח [Heet]
7 Maleekaan Yihowaa naannoo warra Waaqayyoon sodaatan hundumaa ni buufata.+
Isaan ni oolchas.+
ט [Teet]
י [Yood]
כ [Kaaf]
10 Leenconni saafelaa ciccimoo taʼan illee ni beelaʼu,
Warri Yihowaa barbaaddatan garuu wanti gaariin tokko illee isaanitti hin hirʼatu.+
ל [Laamed]
מ [Meem]
נ [Nuun]
ס [Saamek]
ע [Ayiin]
15 Ijji Yihowaa qajeelota irra jira,+
Gurri isaas iyya isaan gargaarsa argachuuf dhiheessan ni dhagaʼa.+
פ [Pee]
16 Taʼus, yaadannoo isaanii hundumaa lafa irraa haquuf,
Yihowaan warra wanta hamaa hojjetan irraa ni garagala.+
צ [Tsadee]
ק [Qoof]
ר [Reesh]
ש [Shiin]
ת [Taaw]
21 Nama hamaa balaan ni ajjeesa;
Warri nama qajeelaa jibban yakkamtoota taʼu.
22 Yihowaan lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura;
Warra isatti kooluu galan keessaa tokko illee yakkamaa hin taʼu.+
Faarfannaa Daawit.
3 Eeboo kee fi qottoo waraanaa kee warra na ariʼatan irratti kaasi.+
“Kan si fayyisu ana dha” naan jedhi.+
4 Warri lubbuu koo adamsan haa qaanaʼan, haa salphatanis.+
Warri na balleessuuf natti malatan salphatanii duubatti haa deebiʼan.
5 Isaan akka habaqii bubbee keessaa haa taʼan;
Maleekaan Yihowaas isaan haa ariʼu.+
6 Yommuu maleekaan Yihowaa isaan hordofus,
Daandiin isaanii dukkanaa fi mucuca haa taʼu.
7 Isaan sababii malee na qabuuf dhoksaatti saaphana diriirsaniiru;
Sababii malees boolla naaf* qotaniiru.
8 Akka tasaa balaan isaan irra haa gaʼu;
Saaphanni isaan dhoksaatti kaaʼan isaan haa qabu;
Isaan achi keessatti kufanii haa badan.+
9 Ani garuu Yihowaatti nan gammada;
Gochawwan fayyinaa isaattis nan gammada.
10 Lafeewwan koo hundi akkana jedhu:
“Yaa Yihowaa, kan akka keetii eenyu?
Ati nama gargaarsa hin qabne warra isa caalaa ciccimoo taʼan jalaa,+
Isa gargaarsa hin qabnee fi isa hiyyeessa taʼes, warra isaan saaman jalaa ni oolchita.”+
13 Yommuu isaan dhukkubsatanitti garuu, ani uffata gaddaa nan uffadhe,
Soomaan of* nan cunqurse;
Yeroo kadhannaan koo deebii utuu hin argatin hafettis,*
14 Akka waan michuun koo yookiin obboleessi koo duʼeetti asii fi achi deemaa nan booʼe;
Akka namni tokko haadha isaatiif booʼuttis gaddaan mataa koo gad nan qabe.
15 Yommuu ani gufadhetti garuu, isaan gammadanii walitti qabaman;
Riphanii na rukutuufis walitti qabaman;
Na cicciran, dubbiidhaan na waraanuu isaaniis itti fufan.
17 Yaa Yihowaa, hamma yoomiitti callistee ilaalta?+
Haleellaa isaanii irraa na* oolchi;+
Lubbuu koo isa gatii guddaa qabus* leencota saafela jalaa oolchi.+
18 Anis gumii guddaa keessatti galata siif nan galcha;+
Namoota hedduu gidduuttis sin jajadha.
19 Warri sababii malee diinota koo taʼan rakkina na irra gaʼetti akka gammadan hin heyyamin;
Warri sababii malee na jibban hamminaan ijaan akka walitti himan hin heyyamin.+
20 Isaan dubbii nagaa hin dubbatan,
Kanaa mannaa, namoota biyyattii warra naga qabeeyyii taʼan irratti haxxummaadhaan mala qopheessu.+
21 Isaan, “Ishoo! Ishoo! Ijji keenya kana argeera” jechaa,
Na himachuuf afaan isaanii balʼisanii banu.
22 Yaa Yihowaa, ati kana argiteetta. Calluma hin jedhin.+
Yaa Yihowaa, na irraa hin fagaatin.+
23 Naaf falmuuf dammaqi, kaʼis,
Yaa Waaqa koo Yihowaa, dhimma seeraa koo irratti naaf falmi.
24 Yaa Waaqa koo Yihowaa, akka qajeelummaa keetti naaf murteessi;+
Isaan rakkina na irra gaʼetti akka gammadan hin godhin.
25 Isaan matumaa garaa isaaniitti, “Ishoo! Wanta barbaanne arganneerra”* hin jedhin.
Isaan matumaa, “Isa liqimsineerra” hin jedhin.+
26 Warri rakkina na irra gaʼetti gammadan hundi,
Haa qaanaʼan, haa salphatanis.
Warri ana irratti ol of qaban qaanii fi salphina haa uffatan.
27 Warri qajeelummaa kootti gammadan garuu haa ililchan;
Isaan yeroo hundumaa,
“Yihowaan inni nagaa tajaajilaa isaatti gammadu ulfina haa argatu”+ haa jedhan.
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit isa tajaajilaa Yihowaa taʼe sanaa.
36 Balleessaan garaa nama hamaa isa gad fagoo keessatti ni dubbata;
Waaqayyoon sodaachuunis ija isaa dura hin jiru.+
2 Inni hamma dogoggora isaa hubachuu fi jibbuu dadhabutti,
Akka malee of jaja.+
3 Dubbiin afaan isaa kan nama miidhuu fi kan nama gowwoomsu dha;
Wanta gaarii taʼe gochuuf hubannaa hin qabu.
4 Siree isaa irratti illee wanta nama miidhu yaada.
Daandii gaarii hin taane irra dhaabbata;
Wanta hamaa taʼe irraa hin fagaatu.
5 Yaa Yihowaa, jaalalli kee inni amanamaan hamma samiitti,+
Amanamummaan kees hamma duumessootaatti ni gaʼa.
6 Qajeelummaan kee akka gaarota guguddoo* ti;+
Murtiiwwan kees akka bishaan balʼaa fi gad fagoo taʼee ti.+
Yaa Yihowaa, namaa fi bineensa situ jiraachisa.*+
7 Yaa Waaqayyo, jaalalli kee inni amanamaan hammam ulfina qabeessa dha!+
Ilmaan namootaa gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.+
8 Isaan badhaadhina* mana keetii irraa dhuganii ni quufu,+
Atis laga gammachuu kee irraa akka dhugan ni goota.+
10 Warra si beekanitti jaalala kee isa amanamaa,+
Warra garaan isaanii qajeelaa taʼettis qajeelummaa argisiisuu kee itti fufi.+
11 Miilli warra of tuulanii akka na irra ejjetu,
Harki namoota hamoos akka na ariʼu hin godhin.
12 Kunoo, warri balleessaa raawwatan kukkufaniiru;
Isaan rukutamanii kufaniiru, ol kaʼuus hin dandaʼan.+
Faarfannaa Daawit.
א [Aleef]
37 Namoota hamootti hin aarin*
Yookiin warra jalʼina raawwatanitti hin hinaafin.+
2 Isaan akka margaatti hatattamaan ni coolligu,+
Akka marga lalisaattis ni gogu.
ב [Beet]
4 Yihowaatti baayʼee gammadi,
Innis fedhii garaa keetii siif ni guuta.
ג [Giimel]
6 Inni qajeelummaan kee akka ifa bariitti,
Haqni kees akka aduu waareetti akka ifu ni godha.
ד [Daalet]
Nama mala haxxummaa isaa raawwachuu irratti
Milkaaʼina argatutti hin aarin.+
ה [Hii]
ו [Waaw]
10 Yeroo muraasaaf qofa malee, namoonni hamoon hin jiraatan;+
Bakka isaan turan ni ilaalta,
Isaan garuu achitti hin argaman.+
ז [Zaayin]
12 Namni hamaan isa qajeelaa irratti mala qopheessa;+
Ilkaan isaas isatti qarata.
13 Yihowaan garuu guyyaan isaa akka dhufu waan beekuuf,+
Isatti ni kolfa.
ח [Heet]
14 Hamoonni isa cunqurfamee fi isa hiyyeessa taʼe kuffisuuf,
Warra daandiin isaanii qajeelaa taʼes gorraʼuuf,*
Goraadee isaanii ni luqqifatu, iddaa isaaniis ni dabsu.*
15 Haa taʼu malee, goraadeen isaanii onnee isaanii ni waraana;+
Iddaan isaaniis ni caccaba.
ט [Teet]
16 Wanta hedduu hamoonni baayʼeen qaban caalaa
Wanta xinnoo namni qajeelaan qabu wayya.+
17 Irreen hamootaa ni caba,
Yihowaan garuu qajeelota ni gargaara.
י [Yood]
18 Yihowaan wanta warri balleessaa hin qabne keessa darban* beeka,
Dhaalli isaaniis bara baraaf ni jiraata.+
19 Isaan yeroo balaan gaʼutti hin qaanaʼan;
Yeroo beelaattis wanta irraa hafaa ni qabaatu.
כ [Kaaf]
20 Hamoonni garuu ni badu;+
Diinonni Yihowaa akkuma iddoo dheedichaa ulfina qabeessa taʼeetti ni badu,
Isaan akkuma aaraatti ni badu.
ל [Laamed]
22 Warri Waaqayyo eebbise lafa ni dhaalu,
Warri inni abaare garuu ni badu.+
מ [Meem]
נ [Nuun]
26 Inni yeroo hundumaa fedhiidhaan liqeessa,+
Ijoolleen isaas eebba argatu.
ס [Saamek]
27 Wanta hamaa irraa gori, wanta gaarii raawwadhu,+
Bara baraafis ni jiraatta.
ע [Ayiin]
פ [Pee]
צ [Tsadee]
32 Namni hamaan isa qajeelaa ajjeesuu barbaadee,
Isa eeggata.
33 Yihowaan garuu harka nama sanaa irratti isa hin gatu+
Yookiin yommuu murtiidhaaf dhihaatutti yakkamaa isa hin godhu.+
ק [Qoof]
34 Yihowaa abdadhu, daandii isaas hordofi,
Innis lafa akka dhaaltuuf ol si qaba.
Yommuu hamoonni badan+ ni argita.+
ר [Reesh]
35 Ani namni gara jabeessi hamaa taʼe
Akka muka lalisaa biyyoo isaa irra dhaabameetti dagaagee nan arge.+
36 Haa taʼu malee, lubbuun isaa akkuma tasaa ni darbe, achis hin turre;+
Ani cimsee isa nan barbaade, garuu isa argachuu hin dandeenye.+
ש [Shiin]
37 Isa balleessaa hin qabne* hubadhu,
Isa qajeelaa+ taʼes qalbeeffadhuu ilaali;
Sababiin isaas, egereen nama sanaa nagaa kan qabu taʼa.+
38 Warri balleessaa raawwatan hundi garuu ni balleeffamu;
Egereen namoota hamoos badiisa taʼa.+
ת [Taaw]
39 Fayyinni qajeelotaa Yihowaa biraa dhufa;+
Inni yeroo dhiphinaatti dallaa dhagaa isaaniif ni taʼa.+
40 Yihowaan isaan gargaara; isaan oolchas.+
Isatti kooluu waan galaniif,+
Inni namoota hamoo jalaa isaan baraara, isaan oolchas.
Faarfannaa Daawit akka yaadachiisaatti* tajaajilu.
38 Yaa Yihowaa, dheekkamsa keetiin na hin adabin,
Aarii keetiinis sirreeffama naaf hin kennin.+
2 Sababiin isaas, xiyyawwan kee akka malee na waraananiiru,
Harki kees gad na qabeera.+
3 Dheekkamsa keetiin kan kaʼe guutummaan qaama kootii dhukkubsateera.*
Cubbuu kootiin kan kaʼe lafeewwan koo nagaa hin qaban.+
4 Dogoggorawwan koo mataa koo irratti tuulamaniiru;+
Isaan akka baʼaa ulfaatoo waan taʼaniif, ani isaan baachuu hin dandaʼu.
5 Gowwummaa kootiin kan kaʼe,
Madaan koo foolii godhateera, malaas qabateera.
6 Dhiphadheera, akka malees gaddeera;
Guyyaa guutuu gaddaan asii fi achi nan joora.
8 Ani hadoodeera, guutummaattis caccabeera;
Garaan koo inni gadde guddisee akkan aadu* na godha.
9 Yaa Yihowaa, fedhiin koo hundi si dura jira,
Aaduun koos si duraa kan dhokate miti.
10 Onneen koo ni rukuta, humni koos dhumeera,
Ifni ija kootii dadhabeera.+
11 Dhaʼicha na irra gaʼeen kan kaʼe hiriyoonni koo fi michoonni koo na jibbaniiru,
Michoonni koo warri natti dhihaatanis na irraa fagaataniiru.
12 Warri lubbuu koo balleessuu barbaadan kiyyoo kaaʼu;
Warri na miidhuuf yaalanis badiisa dubbatu;+
Isaan guyyaa guutuu waaʼee gowwoomsaa asaasu.
13 Taʼus ani akkuma nama gurri isaa duudetti hin dhageenye;+
Akkuma nama arrabni isaa hidhamettis afaan koo hin saaqqanne.+
14 Ani akkuma nama dhagaʼuu hin dandeenyee,
Akkuma nama falmachuuf afaan isaa hin dubbannees nan taʼe.
16 Ani, “Isaan rakkina na irra gaʼetti hin gammadin
Yookiin yommuu miilli koo mucucaatutti ana irratti ol of hin qabin” nan jedhe.
17 Sababiin isaas, ani kufuu jala gaʼeen ture,
Yeroo hundumaas dhukkubbiin natti dhagaʼama ture.+
19 Diinonni koo garuu ciccimoo* fi jajjaboo dha,*
Warri sababa malee na jibbanis akka malee hedduu dha.
20 Isaan wanta gaariidhaaf wanta hamaa naaf deebisan;
Wanta gaarii taʼe duukaa buʼuu kootti na mormu turan.
21 Yaa Yihowaa, na hin dhiisin.
Yaa Waaqayyo, ana irraa hin fagaatin.+
22 Fayyisaa koo kan taate yaa Yihowaa,+
Na gargaaruuf ariifadhu.
Geggeessaa muuziqaatiif; Yedutuuniin.*+ Faarfannaa Daawit.
Namni hamaan kam iyyuu na dura hamma jirutti,
Afaan koo hidhee nan eeggadha” nan jedhe.+
2 Nama arrabni isaa hidhame nan taʼe, nan callises;+
Waaʼee wanta gaarii taʼee illee homaa hin dubbanne,
Dhukkubni koo garuu cimaa ture.*
3 Onneen koo keessa kootti ni gubate.*
Yeroon irratti xiinxalu,* ibiddi keessa kootti ni bobaʼe.
Achiis arrabni koo akkana jedhe:
4 “Yaa Yihowaa, jireenyi koo hammam gabaabaa akka taʼe* akkan hubadhuuf,+
Dhumni koo maal akka taʼe,
Akkasumas, safara guyyoota kootii akkan beeku na gargaari.
5 Dhuguma iyyuu, guyyoonni koo muraasa qofa* akka taʼan ni goote;+
Umuriin koos si duratti homaa jechuu miti.+
Tasgabbii kan qabu fakkaatus namni kam iyyuu hafuuruma malee homaa miti.+ (Seelaa)
6 Dhugumaan namni hundi akkuma gaaddidduutti ni deema.
Akkanumaan asii fi achi joora.*
Eenyu akka itti fayyadamu utuu hin beekin qabeenya tuullata.+
7 Yaa Yihowaa, maal abdachuun dandaʼa ree?
Abdiin koo suma.
8 Yakka koo hundumaa jalaa na oolchi.+
Inni gowwaan akka na tuffatu hin godhin.
10 Dhaʼicha kee ana irraa kaasi.
Harki kee waan na rukuteef ani bututeera.
11 Ati balleessaa isaatiif nama adabdee ni sirreessita;+
Akkuma biliin godhuttis wantoota inni bakka guddaa kennuuf ni balleessita.
Dhuguma iyyuu, namni hundi hafuuruma dha.+ (Seelaa)
12 Yaa Yihowaa, kadhannaa koo dhaggeeffadhu,
Iyyan gargaarsa argachuuf dhageessisus dhagaʼi.+
Imimmaan koo callistee hin ilaalin.
Sababiin isaas, ani siif nama biyya ormaa ti;+
Akkuma abbootii koo hundumaa imaltuu biyya keessa darbu* dha.+
13 Ani duʼee baduu koo dura
Akkan gammadutti dheekkamsaan na ilaaluu kee dhiisi.”
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa.
40 Ani garaadhaa Yihowaa nan abdadhe,*
Innis gurra isaa natti qabee* iyyan gargaarsa argachuuf dhiheesse ni dhagaʼe.+
2 Boolla huursu keessaa,
Dhoqqee mucucaatu keessaas na baase.
Miila koo kattaa irra dhaabbachiise,
Iddoo amansiisaa irras na dhaabe.
3 Achiis Waaqa keenyaaf faarfannaa haaraa,+
Faarfannaa galataa afaan koo keessa ni kaaʼe.
Namoonni hedduun kabaja guddaadhaan ni ilaalu,
Yihowaattis ni amanamu.
4 Namni Yihowaatti amanamu,
Namni gara namoota tole hin jennetti yookiin gara warra soba* taʼanitti hin garagalle gammadaa dha.
5 Yaa Waaqa koo Yihowaa,
Ati wantoota dinqisiisoo hedduu nuuf gooteetta,
Yaadawwan nuuf qabdus hedduu dha.+
Kan siin gitu tokko illee hin jiru;+
Ani waaʼee wantoota kanaa himuu fi dubbachuuf utuun yaalee,
Lakkoofsi isaanii gita hin qabu!+
Ati aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu hin gaafanne.+
7 Anis akkanan jedhe: “Kunoo, ani dhufeera.
Waaʼeen koo maraa kitaabaa irratti barreeffameera.+
8 Yaa Waaqa koo, fedhii kee raawwachuun na gammachiisa.*+
Seerri kees garaa koo keessa jira.+
9 Gumii guddaa keessatti misiraachoo qajeelummaa nan labsa.+
Yaa Yihowaa, ati akka gaariitti akkuma beektu,
Kunoo, ani afaan koo hin dhowwu.+
10 Ani qajeelummaa kee garaa koo keessatti hin dhoksu.
Amanamummaa kee fi fayyisuu kee nan labsa.
Gumii guddaa keessatti jaalala kee isa amanamaa fi dhugaa kee hin dhoksu.”+
11 Yaa Yihowaa, gara laafina kee na hin dhowwatin.
Jaalalli kee inni amanamaanii fi dhugaan kee yeroo hundumaa na haa eegan.+
12 Badiisni natti marse lakkoofsa hin qabu.+
Daandii koo ilaaluu hamman dadhabutti dogoggorawwan koo na liqimsaniiru;+
Isaan rifeensa mataa koo caalaa hedduu dha,
Anis abdii kutadheera.
13 Yaa Yihowaa, maaloo na oolchuuf fedhii qabaadhu.+
Yaa Yihowaa, na gargaaruuf ariifadhu.+
14 Warri lubbuu koo balleessuu barbaadan hundi
Haa qaaneffaman, haa salphifamanis.
Warri rakkina kootti gammadan
Salphinaan duubatti haa deebiʼan.
15 Warri, “Ishoo! Ishoo!” naan jedhan,
Qaanii isaan irra gaʼuun haa rifatan.
Warri gochawwan fayyinaa kee jaallatan yeroo hundumaa,
“Yihowaan ulfina haa argatu” haa jedhan.+
17 Ani garuu nama gargaarsa hin qabnee fi hiyyeessa dha;
Yihowaan xiyyeeffannaa naaf haa kennu.
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
41 Namni rakkataadhaaf yaadu gammadaa dha;+
Yihowaan guyyaa rakkinaatti isa ni oolcha.
2 Yihowaan isa eega, lubbuudhaanis isa jiraachisa.
Inni gammadaa akka taʼe lafa irratti ni dubbatama;+
Atis matumaa fedhii* diinota isaatti dabarsitee isa hin kennitu.+
3 Siree dhukkubsatee irra ciisu irratti Yihowaan isa kunuunsa;+
Yeroo dhukkubsatee jirutti iddoo ciisichaa isaa guutummaatti isaaf ni jijjiirta.
4 Ani, “Yaa Yihowaa, gaarummaa natti argisiisi.+
Si irratti cubbuu waanan hojjedheef+ na* fayyisi”+ nan jedhe.
5 Diinonni koo garuu,
“Inni yoom duʼa? Maqaan isaa hoo lafa irraa yoom bada?” jedhanii waaʼee koo wanta hamaa dubbatu.
6 Isaan keessaa inni tokko na ilaaluuf yommuu dhufu, garaan isaa soba dubbata.
Dubbii nama miidhu walitti qabata;
Achiis gad baʼee wanta sana alatti babalʼisa.
7 Warri na jibban hundi walitti ni asaasu;
Akkana jedhaniis wanta hamaa na irratti yaadu:
9 Namni naa wajjin nagaa qabu, inni ani itti amanamu,+
Inni nyaata koo nyaachaa ture koomee isaa ana irratti kaaseera.*+
10 Ati garuu yaa Yihowaa, gatii akkan isaaniif deebisuuf,
Gaarummaa natti argisiisi, olis na qabi.
11 Diinonni koo yommuu miira injifannootiin na irratti iyyuu dadhabanitti,+
Natti gammaduu kee kanaan nan beeka.
13 Yihowaan Waaqni Israaʼel,
Baraa hamma bara baraatti haa jajamu.+
Ameen, Ameen.
KITAABA LAMMAFFAA
(Faarfannaa 42-72)
Geggeessaa muuziqaatiif. Maaskiilii* ilmaan Qoraa.+
42 Akkuma gadamsi bishaan yaaʼu hawwitu,
Yaa Waaqayyo, ani sin* hawwa.
2 Ani Waaqa, Waaqa isa jiraataa nan dheebodhe.+
Dhaqee Waaqa duratti kanan mulʼadhu yoomi?+
3 Imimmaan koo halkanii fi guyyaa nyaata koo taʼeera;
Namoonni guyyaa guutuu, “Waaqni kee eessa jira?”+ jedhanii natti qoosu.
4 Wantoota kana nan yaadadha, lubbuu* koos nan dhangalaasa,
Sababiin isaas, yeroo tokko namoota hedduu wajjin nan deeman ture;
Sagalee gammachuu fi sagalee galataatiin,
Sagalee namoota hedduu ayyaana kabajaniinis,+
Isaan dura buʼee ulfinaan* gara mana Waaqayyoo nan deeman ture.
5 Abdii kanan kutadhu maaliifi?+
Keessi koo kan jeeqamu maaliifi?
6 Yaa Waaqa koo, ani abdii kutadheera.+
7 Huursaa fincaaʼaa bishaaniitiin
Bishaanonni gad fagoon bishaanota gad fagoo ni waamu.
Dhaʼaan dambaliiwwan keetii hundi na liqimseera.+
8 Guyyaa guyyaa Yihowaan jaalala isaa isa amanamaa natti argisiisa,
Halkan halkanis faarfannaan isaa, jechuunis kadhannaan ani Waaqa lubbuu kootiitiif dhiheessu naa wajjin taʼa.+
9 Ani Waaqa qarsaa koo taʼeen,
“Maaliif na irraanfatte?+
Cunqursaa diina kootiin kan kaʼe gaddaan asii fi achi kanan jooru maaliifi?”+ nan jedha.
10 Diinonni koo jibba hamaa na jibbanii* natti qoosu;
Guyyaa guutuus, “Waaqni kee eessa jira?”+ jedhanii natti qoosu.
11 Abdii kanan kutadhu maaliifi?
Keessi koo kan jeeqamu maaliifi?
Waaqayyoon nan eeggadha,+
Ani amma iyyuu akka Fayyisaa koo Isa Guddaatti, akka Waaqa koottis isa nan jajadha.+
Nama nama gowwoomsuu fi jalʼaa taʼe irraa na oolchi.
2 Sababiin isaas, ati Waaqa koo fi dahoo koo ti.+
Maaliif na gatte?
Cunqursaa diina kootiin kan kaʼe gaddaan asii fi achi kanan jooru maaliifi?+
3 Ifa kee fi dhugaa kee ergi.+
Isaan na haa geggeessan;+
Gara gaara kee isa qulqulluutti, gara godoo qulqulluu kee isa guddaattis na haa qajeelchan.+
4 Sana booda gara iddoo aarsaa Waaqayyootti,+
Gara Waaqa isa gammachuu koo isa guddaa taʼetti nan dhufa.
Waaqa koo kan taate yaa Waaqayyo, ani baganaadhaan sin jajadha.+
5 Abdii kanan kutadhu maaliifi?
Keessi koo kan jeeqamu maaliifi?
Waaqayyoon nan eeggadha,+
Ani amma iyyuu akka Fayyisaa koo Isa Guddaatti, akka Waaqa koottis isa nan jajadha.+
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Maaskiil.*
44 Yaa Waaqayyo, abbootiin keenya wantoota bara isaaniitti,
Bara duriitti raawwatte
Nutti himaniiru,+
Nutis gurruma keenyaan dhageenyeerra.
Saboota caccabsitee ariiteetta.+
3 Isaan lafattii kan dhaalan goraadee isaaniitiin hin turre,+
Injifannoo kan isaaniif argamsiises irree isaanii hin turre.+
Kanaa mannaa, ati waan isaanitti gammaddeef,+
Kana kan argatan harka kee mirgaatiin,+ irree kee fi ifa fuula keetiitiin ture.
5 Humna keetiin diinota keenya ariinee deebisna;+
Maqaa keetiinis warra nu irratti kaʼan irra ni ejjenna.+
6 Sababiin isaas, ani iddaa kootti hin amanamu,
Goraadeen koos na oolchuu hin dandaʼu.+
7 Diinota keenya jalaa kan nu oolche siʼi,+
Warra nu jibbanis kan salphise siʼi.
8 Nuti guyyaa guutuu Waaqayyoon ni jajanna,
Bara baraaf maqaa keetiif galata ni galchina. (Seelaa)
9 Amma garuu ati nu gatteetta, nu salphisteetta,
Raayyaawwan waraanaa keenyaa wajjinis hin baatu.
10 Ati diina keenya jalaa akka baqannu goote,+
Warri nu jibban wanta barbaadan hundumaa ni fudhatu.
11 Akka hoolaatti akka nyaatamnuuf dabarsitee nu kennite;
Saboota gidduuttis nu bittinneessite.+
13 Olloota keenya duratti warra arrabsaman,
Namoota naannoo keenyatti argaman hundumaa durattis warra itti qoosamuu fi itti kolfamu nu goote.
15 Guyyaa guutuu qaaniin natti dhagaʼama,
Salphinni koos na liqimseera.
16 Kunis kan taʼe, sagalee qoosaa fi arrabsoo isaaniitiin,
Diina keenya isa haaloo baʼuunis kan kaʼe dha.
17 Wanti kun hundi kan nu irra gaʼe taʼus, nuti amma iyyuu si hin irraanfanne,
Kakuu kees hin cabsine.+
18 Garaan keenya karaa irraa hin gorre;
Tarkaanfiin keenyas daandii kee irraa hin jalʼanne.
19 Ati garuu bakka sardiidonni jiraatanitti nu caccabsite;
Gaaddisa cimaas nutti uwwiste.
20 Maqaa Waaqa keenyaa irraanfanneerra yoo taʼe
Yookiin kadhannaadhaan harka keenya gara waaqa ormaatti diriirsineerra yoo taʼe,
21 Waaqayyo kana hin beekuu?
Inni iccitii garaa namaa keessa jiru beeka.+
22 Nuti sababii keetiin guyyaa hundumaa ni ajjeefamna;
Akka hoolota qalamuuf jedhaniittis ilaalamneerra.+
23 Yaa Yihowaa, kaʼi, maaliif callistee ciista?+
Dammaqi! Bara baraaf nu hin gatin.+
24 Fuula kee maaliif dhoksita?
Rakkinaa fi cunqursaa nu irra gaʼu maaliif irraanfatta?
25 Nuti biyyootti deebineerra;
Qaamni keenyas lafatti maxxaneera.+
26 Gargaaraa keenya taʼii kaʼi!+
Jaalala kee isa amanamaa irraa kan kaʼe nu oolchi.*+
Geggeessaa muuziqaatiif; “Abaaboowwaniin.” Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Maaskiil.* Faarfannaa jaalalaa.
45 Wanti gaariin tokko garaa koo kakaaseera.
“Faarfannaan* koo waaʼee mootii ti”+ nan jedha.
Arrabni koo akka qalama+ garagalchituu* dandeettii qabuu+ haa taʼu.
2 Ilmaan namootaa keessaa ati hunda caalaa bareedaa dha.
Afaan kee keessaa dubbiin gaarummaa ni dhangalaʼa.+
Waaqayyo bara baraaf kan si eebbise kanaafi.+
4 Simboo keetiin injifannoodhaaf* qajeeli;+
Dhugaadhaaf, gad of qabuu fi qajeelummaadhaaf jedhiitii gulufi,+
Harki kee mirgaa wantoota sodaachisoo taʼan ni raawwata.*
5 Xiyyawwan kee qara waan taʼaniif, namoota si duratti ni kukuffisu;+
Onnee diinota mootichaas ni waraanu.+
7 Ati qajeelummaa jaallattee+ jalʼina jibbite.+
Waaqayyo inni Waaqa kee taʼe hiriyoota kee caalchisee zayitii gammachuutiin+ kan si dibe kanaafi.+
8 Uffatawwan kee hundi urgaa qumbii, argisaa* fi qaasiyaa* qabu;
Mana mootummaa guddaa ilka arbaa irraa tolfame keessaa meeshaawwan muuziqaa ribuu qaban si gammachiisu.
9 Ijoolleen durbaa moototaa giiftiiwwan ulfinaa kee keessaa tokko dha.
Mootittiin warqii Ofiiriin+ miidhagfamtee harka mirgaa keetiin dhaabbatteetti.
10 Yaa intala too, dhagaʼi, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu, gurra kees as qabi;
Saba kee fi mana abbaa keetii irraanfadhu.
12 Intalli Xiiros kennaa fiddee dhufti;
Namoonni hunda caalaa sooreyyii taʼanis si biratti fudhatama argachuu barbaadu.
13 Intalli mootichaa baayʼee miidhagdee mana mootummaa keessa teesseetti;*
Uffanni ishiis warqiidhaan* miidhagfameera.
14 Ishiin uffata* xilfiin irratti dhaʼame uffattee gara mootichaatti geeffamti.
Durboonni michoota ishii taʼanii fi ishii duukaa buʼanis si duratti dhiheeffamu.
15 Isaan ililchuudhaan, gammachuudhaanis si duratti dhiheeffamu;
Gara mana mootummaa mootichaattis ni seenu.
16 Ilmaan kee iddoo abbootii keetii ni fudhatu.
Atis guutummaa lafaa irratti bulchitoota gootee isaan muudda.+
17 Ani dhaloota dhufu hundumaa keessatti maqaa kee nan beeksisa.+
Namoonni baraa hamma bara baraatti kan si jajatan kanaafi.
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Akkaataa Alaamotiin.* Faarfannaa.
46 Waaqayyo iddoo kooluu itti galluu fi jabina keenya,+
Yeroo dhiphinaattis salphaatti isa biraa gargaarsa arganna.+
2 Lafti yoo raafamte,
Gaaronnis galaana gad fagoo keessatti yoo kufan illee nuti kan hin sodaanne kanaafi;+
3 Bishaanonni galaanaa yoo huursanii fi yoo hoomacha baasan,+
Jeequmsa isaatiin kan kaʼes gaaronni yoo raafaman hin sodaannu. (Seelaa)
4 Lagni kallattii adda addaatiin yaaʼee magaalaan Waaqayyoo,+
Godoo qulqulluu guddaan kan Isa Hundaa Olii taʼes akka gammadu godhu tokko jira.
5 Waaqayyo magaalattii keessa jira;+ ishiin garagalfamuu hin dandeessu.
Waaqayyo ganama barii ishii ni gargaara.+
6 Saboonni iyyaniiru, mootummoonnis garagalfamaniiru;
Inni sagalee isaa ol ni kaase, laftis ni baqxe.+
7 Yihowaan Gooftaan Raayyaa nuu wajjin jira;+
Waaqni Yaaqoob iddoo amansiisaa kooluu itti gallu* dha. (Seelaa)
8 Kottaatii waaʼee gochawwan Yihowaa,
Wantoota dinqisiisoo akkamitti lafa irratti akka raawwates ilaalaa.
9 Inni guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa.+
Iddaa ni cabsa, eeboos ni hurreessa;
Gaariiwwan fardaa waraanaas* ibiddaan ni guba.
10 “Dhiisaa taaʼaa, ani Waaqa akkan taʼes beekaa.
Ani saboota gidduutti,
Lafa irrattis ulfina nan argadha.”+
11 Yihowaan Gooftaan Raayyaa nuu wajjin jira;+
Waaqni Yaaqoob iddoo amansiisaa kooluu itti gallu dha.+ (Seelaa)
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Faarfannaa.
47 Isin saboonni hundi harka keessan walitti rukutaa.
Miira injifannootiin Waaqayyoof ililchaa.
3 Inni namoonni akka nuuf bitaman godha;
Sabootas miila keenya jala galcha.+
4 Inni dhaala keenya,
Isa Yaaqoob inni Waaqni jaallate sun ittiin boonu nuuf ni filata.+ (Seelaa)
5 Waaqayyo ililcha gidduu,
Yihowaan sagalee xurumbaa* gidduu ol ni baʼe.
6 Waaqayyoof faarfannaa galataa faarfadhaa,* faarfannaa galataa faarfadhaa.
Mootii keenyaaf faarfannaa galataa faarfadhaa, faarfannaa galataa faarfadhaa.
7 Sababiin isaas, Waaqayyo Mootii guutummaa lafaa ti;+
Faarfannaa galataa faarfadhaa, hubannaas qabaadhaa.
8 Waaqayyo saboota irratti Mootii taʼeera.+
Inni teessoo isaa isa qulqulluu irra taaʼeera.
9 Geggeessitoonni sabootaa,
Saba Waaqa Abrahaamii wajjin walitti qabamaniiru.
Sababiin isaas, bulchitoonni* lafaa kan Waaqayyoo ti.
Inni ulfinni isaa guddaa dha.+
Faarfannaa. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+
48 Yihowaan magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, gaara isaa isa qulqulluu irrattis,
Guddaa dha, hunda caalaa jajamuunis kan isaaf malu dha.
2 Gaarri Xiyoon ishiin karaa kaabaatiin fagaattee argamtu,
Magaalaan Mootii isa Guddaas,+
Ol kaʼiinsa ishiitiin miidhagduu dha, ishiin gammachuu guutummaa lafaa ti.+
3 Waaqayyo masaraawwan ishii warra ciccimoo taʼan keessatti,
Iddoo amansiisaa kooluu itti galan* taʼuu isaa beeksiseera.+
4 Kunoo, mootonni walitti qabamaniiru;*
Waliin taʼaniis dhufaniiru.
5 Isaan kana yommuu argan ni ajaaʼibsiifatan.
Naʼaniis sodaadhaan ni baqatan.
6 Achittis ni hollatan,
Akkuma dubartii daʼuuf jettuuttis ni dhiphatan.
7 Ati bubbee bahaatiin dooniiwwan Tarshiish ni caccabsite.
8 Magaalaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa keessatti, magaalaa Waaqa keenyaa keessatti,
Wanta dhageenye, amma ijuma keenyaan argineerra.
Waaqayyo bara baraaf cimsee ishii dhaaba.+ (Seelaa)
9 Yaa Waaqayyo, nuti mana qulqullummaa kee keessatti,
Jaalala kee isa amanamaa irratti ni xiinxalla.+
10 Yaa Waaqayyo, akkuma maqaa keetti, ulfinni kees,
Hamma andaara lafaa ni gaʼa.+
Harki kee mirgaa qajeelummaadhaan guutameera.+
13 Dallaawwan ittisaa ishii* qalbeeffadhaa.+
Waaʼee ishii dhaloota dhufutti himuu akka dandeessaniif,
Masaraawwan ishii warra dallaa dhagaa qaban qoradhaa.
14 Waaqni kun baraa hamma bara baraatti Waaqa keenya dha.+
Inni baraa hamma bara baraatti* nu qajeelcha.+
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Faarfannaa.
49 Isin saboonni hundi, kana dhagaʼaa.
Isin jiraattonni addunyaa* hundi xiyyeeffannaa kennaa;
2 Inni xinnaanis taʼe inni guddaan,*
Inni sooressis taʼe inni hiyyeessi xiyyeeffannaa haa kennu.
3 Afaan koo ogummaa dubbata,
Wantin garaa kootti xiinxalus+ hubannaa argisiisa.
4 Mammaaksaaf xiyyeeffannaa nan kenna;
Baganaadhaanis hibboo koo nan ibsa.
5 Yeroo rakkinaatti,
Yommuun hammina* namoota na garagalchuuf yaalii godhaniin marfamutti kanan sodaadhu maaliifi?+
6 Warri badhaadhina isaaniitti amanaman,+
Akkasumas warri qabeenya isaanii isa guddaatti of jajan,+
7 Tokkoon isaanii illee matumaa nama kan biraa furuu
Yookiin isaaf jecha Waaqayyoof furii kennuu hin dandaʼan;+
8 (Gatiin furii lubbuu isaanii baayʼee miʼaa dha,
Yoom iyyuu taanaan humna isaaniitii oli);
9 Inni bara baraaf akka jiraatuu fi boolla* akka hin argineef furii kennuu hin dandaʼan.+
10 Isaan namoonni ogeeyyiin illee akka duʼan,
Inni gowwaanis taʼe inni hubannaa hin qabne waliin akka badan,+
Qabeenya isaaniis warra kaaniif dhiisanii deemuuf akka dirqaman ni ilaalu.+
11 Manneen isaanii bara baraaf,
Dunkaanonni isaaniis dhalootaa hamma dhalootaatti akka turan keessa isaaniitti ni hawwu.
Qabeenya isaaniis maqaa ofii isaaniitiin moggaasu.
13 Daandiin gowwootaa,+
Daandiin warra isaan duukaa buʼanii fi dubbii isaanii isa duwwaatti gammadaniis kana dha. (Seelaa)
14 Isaan akka hoolaatti Awwaalaaf* ramadamaniiru.
Duuti isaan ni tiksa;
Namni qajeelaan ganama isaan ni bulcha.+
16 Namni tokko sooressa waan taʼeef,
Simboon mana isaatiis waan dabaleef hin sodaatin;
17 Sababiin isaas, inni yommuu duʼu homaa fudhatee deemuu hin dandaʼu;+
Simboon isaas isaa wajjin gad hin buʼu.+
18 Inni bara jireenyaa isaatti of* gammachiisa.+
(Yommuu sooromtu namoonni si jaju.)+
19 Dhuma irratti garuu dhaloota abbootii isaa wajjin taʼa.
Isaan matumaa deebiʼanii ifa hin argan.
20 Namni kana hin hubanne kabajamaa taʼus,+
Bineensota badan irra hin wayyu.
Faarfannaa Asaaf.+
50 Waaqa waaqolii kan taʼe Yihowaan+ dubbateera;
Inni baha biiftuu irraa jalqabee hamma lixa biiftuutti,*
Lafa ni waama.
2 Waaqayyo Xiyoon ishii miidhagina ishiitiin mudaa hin qabne+ keessaa ifa isaa ibsa.
3 Waaqni keenya ni dhufa, calluma jechuus hin dandaʼu.+
5 “Isin warri anaaf amanamoo taatan,
Warri aarsaadhaan anaa wajjin kakuu galtan+ gara kootti walitti qabamaa.”
6 Waaqayyo Abbaa Murtii waan taʼeef,+
Samiiwwan qajeelummaa isaa ni labsu. (Seelaa)
7 “Yaa saba koo, na dhagaʼi, anis nan dubbadha;
Yaa Israaʼel, ani si irratti ragaa nan baʼa.+
Ani Waaqayyo dha, Waaqa kee ti.+
8 Ani sababii aarsaawwan keetiitiinis taʼe,
Sababii aarsaawwan kee warra guutummaatti gubamanii fi yeroo hundumaa fuula koo dura jiraniin si hin ifadhu.+
10 Bineensonni bosonaa hundi,
Bineensonni gaarota kuma irra jiran illee kan koo ti.+
11 Simbirroota gaarotaa hundumaa nan beeka;+
Horiiwwan alaa hammana hin jedhamnes kan koo ti.
12 Lafti oomisha kennituu fi wanti ishii keessa jiru hundi kan koo waan taʼeef,+
Utuman beelaʼee illee sitti hin himu.
13 Ani foon qotiyyoo nan nyaadhaa?
Dhiiga reʼee hoo nan dhugaa?+
14 Waaqayyoof galata akka aarsaatti dhiheessi,+
Wareega Isa Hundaa Oliitiif wareegdes raawwadhu;+
15 Yeroo dhiphinaatti na waammadhu.+
Ani sin oolcha, atis ulfina naaf kennita.”+
16 Waaqayyo garuu isa hamaadhaan akkana jedha:
“Dambiiwwan koo dubbachuuf,
Waaʼee kakuuwwan kootiis odeessuuf mirga maalii qabda?+
19 Wanta hamaa babalʼisuuf afaan keetti fayyadamta,
Gowwoomsaanis arraba keetti maxxaneera.+
21 Wantoota kana yommuu raawwattetti waanan calliseef,
Akkuma kee akkan taʼe gootee yaadde.
Amma garuu sin sirreessa,
Wantan ittiin si himadhus nan dubbadha.+
22 Isin warri Waaqayyoon irraanfattan,+ maaloo wanta kana qalbeeffadhaa;
Taʼuu baannaan, namni isin oolchu tokko illee utuu hin jiraatin isinan ciccira.
23 Namni galata akka aarsaatti naaf dhiheessu ulfina naaf kenna;+
Isa daandii sirrii cimsee hordofus
Fayyisuu Waaqayyoo akka argu nan godha.”+
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit isa inni erga Baat Sheebaa+ wajjin saalqunnamtii raawwatee booda yommuu Naataan raajichi gara isaa dhufetti faarfate.
51 Yaa Waaqayyo, akka jaalala kee isa amanamaatti gaarummaa natti argisiisi.+
Akka gara laafina kee isa guddaattis balleessaa koo naaf haqi.+
3 Sababiin isaas, ani balleessaa koo akka gaariittan beeka,
4 Ani hundumaa caalaa si irratti,* eeyyee, si irratti cubbuu hojjedheera;+
Wanta si duratti hamaa taʼes raawwadheera.+
Kanaafuu, ati yeroo dubbattu qajeelaa dha,
Murtiiwwan kees sirrii dha.+
7 Qulqulluu akkan taʼuuf, hiisoophiidhaan cubbuu koo irraa na qulqulleessi;+
Cabbii caalaas akkan addaadhuuf na dhiqi.+
8 Lafeewwan ati caccabsite akka gammadaniif,+
Sagalee gammachuu fi sagalee ililchuu akkan dhagaʼu godhi.
11 Fuula kee duraa na hin gatin;
Hafuura qulqulluu kees na irraa hin fudhatin.
13 Cubbamoonni gara keetti akka deebiʼaniif,
Ani warra balleessaa raawwatan daandii kee nan barsiisa.+
14 Arrabni koo gammachuudhaan qajeelummaa kee akka labsuuf,+
Waaqa fayyinaa koo kan taate yaa Waaqayyo,+ dhiigaan itti gaafatamuu irraa na oolchi.+
15 Afaan koo ulfina kee akka labsuuf,
Yaa Yihowaa, akkan dubbadhu naaf heyyami.+
16 Ati aarsaa hin barbaaddu, utuu akkana taʼee silaa aarsaa nan dhiheessan ture;+
Ati aarsaa guutummaatti gubamutti hin gammaddu.+
17 Aarsaan Waaqayyoon gammachiisu, hafuura cabe dha;
18 Fedhii keetiin Xiyooniif wanta gaarii godhi;
Dallaawwan Yerusaalem ijaari.
19 Achiis aarsaawwan qajeelummaatti,
Aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan guutummaatti dhihaatanitti ni gammadda;
Sana booda qotiyyoowwan iddoo aarsaa kee irratti ni dhihaatu.+
Geggeessaa muuziqaatiif. Maaskiil.* Faarfannaa Daawit yommuu Doʼeeg Edoomtichi Daawit gara mana Ahimelek akka dhaqe Saaʼolitti himetti+ faarfate.
52 Ati inni jabaan, gochawwan hamminaa keetti maaliif of jajja?+
Jaalalli Waaqayyoo inni amanamaan guyyaa guutuu itti fufa.+
3 Wanta gaarii caalaa wanta hamaa,
Wanta sirrii dubbachuu caalaas sobuu jaallatta. (Seelaa)
4 Yaa arraba gowwoomsituu taate nana,
Ati dubbii nama miidhu hundumaa ni jaallatta!
5 Waaqayyo siʼa tokkicha yeroo hundumaatiif kan si balleessu kanaafi;+
Inni butee dunkaana kee keessaa si baasa;+
Biyya namoota jiraatoo keessaas si buqqisa.+ (Seelaa)
7 “Ilaa, nama Waaqayyoon iddoo kooluu itti galu* hin godhanne,+
Inni qabeenya isaa isa guddaatti amanameera,+
8 Ani garuu mana Waaqayyoo keessatti akka muka ejersaa* lalisaa nan taʼa;
Baraa hamma bara baraatti jaalala amanamaa isa kan Waaqayyootti nan amanama.+
9 Ati tarkaanfii waan fudhatteef, ani bara baraaf sin jajadha;+
Kun gaarii waan taʼeef, warra siif amanamoo taʼan duratti
Maqaa kee nan abdadha.+
Geggeessaa muuziqaatiif; akkaataa Mahaalaatiin.* Maaskiil.* Faarfannaa Daawit.
Namoonni akkanaa gochi isaanii inni jalʼaan mancaʼaa fi jibbisiisaa dha;
Wanta gaarii kan hojjetu tokko illee hin jiru.+
2 Waaqayyo garuu namni hubannaa qabuu fi namni Yihowaa barbaaddatu jiraachuu fi dhiisuu isaa ilaaluuf,+
Samii irraa gara ilmaan namootaa gad ni ilaala.+
3 Hundi isaanii karaa irraa goraniiru;
Hundi isaanii mancaʼaniiru.
Wanta gaarii kan hojjetu hin jiru,
Tokko illee hin jiru.+
4 Warra balleessaa raawwatan keessaa tokko illee hin hubatuu?
Isaan akkuma nyaata nyaatanitti saba koo nyaatu.
Yihowaas hin waammatan.+
5 Haa taʼu malee, isaan naasuu guddaadhaan,
Naasuu isaan mudatee hin beekneenis ni liqimfamu;*
Sababiin isaas, Waaqayyo lafee warra si haleelanii* ni bittinneessa.
Yihowaan waan isaan dhiiseef, ati isaan ni salphista.
6 Fayyinni Israaʼel Xiyoon irraa haa dhufu!+
Yeroo Yihowaan saba isaa isa boojiʼame deebisee walitti qabutti,
Yaaqoob haa gammadu, Israaʼel haa ililchu.
Geggeessaa muuziqaatiif; meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Maaskiil.* Faarfannaa Daawit yeroo Ziifonni dhufanii, “Daawit nu gidduutti dhokateera” jedhanii Saaʼolitti himanitti+ faarfate.
2 Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo dhagaʼi;+
Dubbii afaan kootiitiifis xiyyeeffannaa kenni.
3 Sababiin isaas, namoonni orma taʼan na irratti kaʼaniiru,
Namoonni gara jabeeyyii taʼanis lubbuu koo balleessuu barbaadu.+
Isaan Waaqayyoof ulfina hin kennan.*+ (Seelaa)
6 Ani fedhiidhaan aarsaa siif nan dhiheessa.+
Yaa Yihowaa, kun gaarii waan taʼeef maqaa kee nan jajadha.+
Geggeessaa muuziqaatiif; meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Maaskiil.* Faarfannaa Daawit.
55 Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo dhagaʼi,+
Gaaffii ani gara laafina argachuuf dhiheessus hin tuffatin.*+
2 Xiyyeeffannaa naaf kenni, deebiis naaf kenni.+
Yaaddoon koo boqonnaa na dhowwateera,+
Baayʼees dhiphadheera.
3 Kun kan na irra gaʼe, wanta diinni dubbatuun,
Akkasumas dhiibbaa namni hamaan na irraan gaʼuun kan kaʼe dha.
Isaan rakkina na irratti tuulu,
Aariidhaanis ija diinummaatiin na ilaalu.+
5 Sodaa fi romʼuun natti dhufeera,
Hollachuunis na qabateera.
6 Yeroo hundumaa akkana nan jedha: “Maal taʼa utuun akka gugee* qoochoo qabaadhee!
Silaa barrisee dhaqee bakka tasgabbii qabu keessa nan jiraadhan ture.
8 Iddoo gaaddisa qabu dafee deemee,
Bubbee hamaa fi obomboleettii jalaa nan baqadhan ture.”
9 Yaa Yihowaa, isaan burjaajessi, karoora isaaniis fashaleessi,*+
Sababiin isaas, ani magaalaa keessatti hamminaa fi walitti buʼiinsa argeera.
10 Isaan halkanii fi guyyaa dallaa ishii irra asii fi achi deemu;
Hamminnii fi rakkinni ishii keessa jira.+
11 Badiisni ishii gidduu jira;
Cunqursaa fi gowwoomsaan addabaabayii ishii keessaa matumaa hin dhabamu.+
12 Kan natti qoosu diina miti;+
Utuu akkana taʼee silaa nan dandaʼan ture.
Kan na irratti kaʼe hamajaajii miti;
Utuu akkana taʼee silaa isa jalaa nan dhokadhan ture.
13 Kanaa mannaa, kan na irratti kaʼe siʼi, nama akka kootii,*+
Hiriyaa koo isan akka gaariitti beeku dha.+
14 Nuti michummaa cimaa qabna turre;
Namoota hedduu wajjin taanee gara mana Waaqayyoo ni deemna turre.
15 Hamminni isaan gidduu fi isaanii wajjin waan jiraatuuf,
Badiisni isaanitti haa dhufu!+
Utuma lubbuudhaan jiraniis gara Awwaalaatti* gad haa buʼan.
16 Ani garuu Waaqayyoon nan waammadha,
Yihowaan na oolcha.+
18 Namoonni hedduun waan natti dhufaniif,+
19 Waaqayyo inni bara duriitii jalqabee teessoo irra taaʼee jiru,+
Isaan dhagaʼa, deebiis isaaniif ni kenna.+ (Seelaa)
Warri Waaqayyoon hin sodaanne,+
Jijjiirama gochuu didu.
21 Dubbiin isaa dhadhaa caalaa lallaafa,+
Garaa isaa keessa garuu lolatu jira.
Dubbiin isaa zayitii caalaa laafaa dha,
Taʼus goraadee luqqifame dha.+
Namni qajeelaan akka kufu* matumaa hin heyyamu.+
23 Ati garuu yaa Waaqayyo, boolla gad fagoo keessa isaan buusta.+
Warri dhiigaan itti gaafatamanii fi namoonni gowwoomsaa raawwatan walakkaa bara isaanii hin jiraatan.+
Ani garuu sittan amanama.
Geggeessaa muuziqaatiif; “Gugee Callistu Ishii Fagoo Jirtuun.” Faarfannaa Daawit. Miktaam.* Yeroo Filisxeemonni Gaatitti+ isa qabanitti.
56 Yaa Waaqayyo, namni duʼu na haleelaa* waan jiruuf, gaarummaa natti argisiisi.
Isaan guyyaa guutuu na waraanaa fi na cunqursaa oolu.
2 Diinonni koo guyyaa guutuu wanta nama miidhu natti dubbatu;
Namoonni hedduunis of tuulummaadhaan naan lolu.
3 Yommuun sodaadhu,+ sitti nan amanama.+
4 Waaqa isan dubbii isaa jajadhutti,
Eeyyee, Waaqayyotti nan amanama; ani hin sodaadhu.
Namni* maal na gochuu dandaʼa?+
5 Isaan guyyaa guutuu miidhaa na irraan geessisu;
Isaan na hubuu qofa yaadu.+
7 Hammina isaaniitiin kan kaʼe isaan mormi.
Yaa Waaqayyo, dheekkamsa keetiin saboota gad buusi.+
Imimmaan koo qalqalloo kee keessatti walitti qabi.+
Inni kitaaba kee keessatti galmeeffameera mitii?+
9 Guyyaan gargaarsa argachuuf iyyadhetti diinonni koo duubatti deebiʼu.+
Ani Waaqayyo na cinaa akka jiru mirkanaaʼaa dha.+
10 Waaqa isan dubbii isaa jajadhutti,
Yihowaa isan dubbii isaa jajadhutti,
11 Eeyyee, Waaqayyotti nan amanama; ani hin sodaadhu.+
Namni maal na gochuu dandaʼa?+
12 Yaa Waaqayyo, wareegan siif wareege raawwachuuf dirqamni na irra jira;+
Galatas aarsaa godhee siif nan dhiheessa.+
Geggeessaa muuziqaatiif; “Badiisa hin Fidin.” Faarfannaa Daawit. Miktaam.* Yeroo inni Saaʼol jalaa baqatee holqa keessa turetti.+
57 Ani sitti kooluu waanan galeef,+
Hamma rakkinni darbuttis gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu waanan galeef,+
Gaarummaa natti argisiisi, yaa Waaqayyo, gaarummaa natti argisiisi.
2 Ani Waaqa Isa Hundaa Olii,
Waaqa dhugaa isa isaaniin naaf balleessu nan waammadha.
3 Inni samii irraa gargaarsa ergee na oolcha.+
Isa wanta nama miidhu natti dubbatus abdii kutachiisa. (Seelaa)
Waaqayyo jaalala isaa isa amanamaa fi amanamummaa isaa ni erga.+
4 Ani* leencotaan marfameera;+
Namoota na nyaachuu barbaadan gidduu,
Warra ilkaan isaanii eeboo fi xiyya taʼe,
Warra arrabni isaanii goraadee qaramaa+ taʼe gidduu ciiseera.
5 Yaa Waaqayyo, samiiwwanii olitti ol kan qabamte taʼi.
Ulfinni kee guutummaa lafaa irra haa taʼu.+
Isaan na duratti boolla qotaniiru,
Taʼus isaanumatu achi keessatti kufe.+ (Seelaa)
7 Garaan koo cimaa dha,
Yaa Waaqayyo, garaan koo cimaa dha.+
Ani nan faarfadha, muuziqaas nan qopheessa.
8 Yaa ulfina koo dammaqi.
Yaa meeshaa muuziqaa ribuu qabdu nana, dammaqi, yaa baganaa, atis dammaqi.
Ani barraaqaan nan kaʼa.+
9 Yaa Yihowaa, namoota gidduutti sin jajadha;+
10 Sababiin isaas, jaalalli kee inni amanamaan guddaa dha, akka samiiwwaniittis ol kaʼaa dha,+
Amanamummaan kees duumessoota bira gaʼa.
11 Yaa Waaqayyo, samiiwwanii olitti ol kan qabamte taʼi.
Ulfinni kee guutummaa lafaa irra haa taʼu.+
Geggeessaa muuziqaatiif; “Badiisa hin Fidin.” Faarfannaa Daawit. Miktaam.*
58 Isin yeroo calluma jettanii jirtanitti waaʼee qajeelummaa dubbachuu dandeessuu?+
Isin ilmaan namootaa, qajeelummaadhaan murtii kennuu ni dandeessuu?+
2 Kanaa mannaa, garaa keessan keessatti jalʼina qopheessitu,+
Harki keessanis biyyattii keessatti jalʼina babalʼisa.+
3 Hamoonni yeroo dhalatanii* jalqabee karaa irraa goraniiru;*
Isaan yeroo dhalatanii jalqabee addaggee fi sobdoota dha.
4 Summiin isaanii akkuma summii bofaa ti;+
Isaan akkuma marʼataa gurra isaa ol dhaabeetti duudaa dha.
5 Falfalli isaanii hammam iyyuu ogummaadhaan kan tolfame yoo taʼe,
Inni sagalee isaanii hin dhagaʼu.
6 Yaa Waaqayyo, ilkaan isaanii afaan isaanii keessaa harcaasi!
Yaa Yihowaa, mangaagaa leencota* kanaa caccabsi!
7 Isaan akka bishaan gogeetti haa badan.
Inni iddaa isaa dabsee, xiyya isaatiin akka kukkufan haa godhu.
8 Isaan akka ciilalluu yommuu deemu baqee dhumuu,
Akka daaʼima duʼee dhalate isa matumaa aduu hin arginees haa taʼan.
9 Mukti goraa distii jalatti ni bobaʼa.
Taʼus, distiin sun hoʼuu isaa dura Waaqayyo obomboleettiin muka goraa isa jiidhaa fi isa gogaa sana haxaaʼee akka balleessu godha.+
10 Namni qajeelaan Waaqayyo yommuu haaloo baʼu waan arguuf ni gammada;+
Miilli isaas dhiiga isa hamaatiin ni jiidha.+
11 Achiis namoonni, “Namni qajeelaan badhaasa akka argatu beekamaa dha.+
Dhuguma iyyuu, Waaqni lafa irratti murtii kennu jira” jedhu.+
Geggeessaa muuziqaatiif; “Badiisa hin Fidin.” Faarfannaa Daawit. Miktaam.* Yommuu Saaʼol Daawitiin ajjeesuuf namoota gara mana isaatti* ergetti.+
2 Warra gocha hamminaa raawwatan irraa na oolchi,
Jalʼoota* jalaas na baraari.
3 Kunoo, isaan riphanii na* eeggatu;+
Namoonni ciccimoonis na haleelu,
Yaa Yihowaa, akkana kan godhan garuu, waanan fincileef yookiin waanan cubbuu hojjedheef miti.+
4 Dogoggora kanan hin raawwanne taʼus, isaan natti fiigan, na haleeluufis ni qophaaʼan.
Yommuun si waammadhu kaʼi, wanta isaan godhanis ilaali.
5 Yaa Yihowaa Waaqa Raayyaa, ati Waaqa Israaʼeli.+
Xiyyeeffannaa kee gara saboota hundumaatti gochuuf dammaqi.
Gantoota hamoo taʼan kamitti iyyuu gara laafina hin argisiisin.+ (Seelaa)
6 Isaan galgala galgala ni deebiʼu;+
Akka sarootaatti ni gururiʼu;*+ suuta jedhaniis magaalattii keessa asii fi achi ni deemu.+
7 Wanta afaan isaanii keessaa yaaʼu* ilaali;
Arrabni isaanii akka goraadee ti,+
Sababiin isaas isaan, “Eenyutu dhagaʼa?” jedhu.+
9 Yaa Waaqayyo, ati iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu* waan taateef,+
Yaa Jabina koo, ani sin eeggadha.+
10 Waaqni jaalala amanamaa natti argisiisu na gargaara;+
Waaqayyo miira injifannootiin gara diinota koo akkan ilaalu godha.+
11 Sabni koo akka hin irraanfannetti, isaan hin ajjeesin.
Humna keetiin asii fi achi akka jooran godhi;
Gaachana keenya kan taate yaa Yihowaa, isaan akka kufan godhi.+
12 Cubbuu afaan isaaniitii fi dubbii arraba isaaniitiin kan kaʼe,
Abaarsaa fi gowwoomsaa dubbataniin kan kaʼes,
Sababa of tuulummaa isaaniitiin kiyyoodhaan haa qabaman.+
13 Dheekkamsa keetiin isaan fixi;+
Lammata akka hin argamnettis isaan fixi;
Waaqayyo Yaaqoob gidduutti, hamma andaara lafaattis bulchaa kan jiru taʼuu isaa akka beekan godhi.+ (Seelaa)
14 Isaan galgala haa deebiʼan;
Akka sarootaatti haa gururiʼan,* suuta jedhaniis magaalattii keessa asii fi achi haa deeman.+
15 Wanta nyaatan barbaacha asii fi achi haa jooran;+
Akka isaan quufan yookiin bakka boqotan akka argatan hin godhin.
16 Ani garuu, waaʼee jabina keetii nan faarfadha;+
Ganamas waaʼee jaalala kee isa amanamaa gammachuudhaan nan dubbadha.
Sababiin isaas, ati iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu,+
Yeroo rakkina koottis iddoon itti baqadhu dha.+
17 Yaa Jabina koo, ani faarfannaa galataa siif nan faarfadha;*+
Waaqayyo iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu, Waaqa isa jaalala amanamaa natti argisiisu dha.+
Geggeessaa muuziqaatiif; “Abaaboo Yaadannootiin.” Miktaam.* Faarfannaa Daawit. Barsiisuuf. Yeroo inni Aaraam Nahaaraayimii fi Aaraam Zoobaa wajjin wal waraanetti, akkasumas Yoʼaab deebiʼee Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota 12,000 rukutetti.+
60 Yaa Waaqayyo, ati nu gatteetta; dallaawwan keenyas diigdeetta.+
Ati nutti aartee turte; amma garuu deebisii nu simadhu!
2 Lafti akka kirkirtu gooteetta; ishii banteetta.
Ishiin jigaa waan jirtuuf, baqaqaawwan ishii suphi.
3 Sabni kee rakkina akka argu gooteetta.
Daadhii wayinii nu gatantarsu akka dhugnu gooteetta.+
4 Isaan baqatanii iddaa jalaa akka miliqaniif,
Warra si sodaataniif mallattoo kenni.* (Seelaa)
5 Warri ati jaallattu ooluu akka dandaʼaniif,
Harka kee mirgaatiin nu baraari, deebiis nuuf kenni.+
6 Waaqayyo qulqullummaa isaatiin* akkana jedhee dubbateera:
7 Akkuma Minaaseen kan koo taʼe, Giiliyaadis kan koo ti,+
Efreem baarmeexaa sibiilaa* mataa kootii ti;
8 Moʼaab miʼa dhiqannaa koo ti.+
Edoom irratti kophee koo nan darbadha.+
Filisxeem irrattis miira injifannootiin nan iyya.”+
9 Gara magaalaa marfamtetti* kan na geessu eenyu?
Hamma Edoomitti kan na geggeessu eenyu?+
10 Yaa Waaqayyo, ati isa nu gate sana,
Yaa Waaqa keenya, ati isa raayyaawwan waraanaa keenyaa wajjin baʼuu dhiise sana mitii?+
11 Fayyinni namootaan argamu gatii waan hin qabneef,+
Dhiphina keenya keessatti nu gargaari.
Geggeessaa muuziqaatiif; meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Faarfannaa Daawit.
61 Yaa Waaqayyo, iyyan gargaarsa argachuuf dhageessisu dhaggeeffadhu.
Kadhannaa koo xiyyeeffannaadhaan dhagaʼi.+
Gara qarsaa ana irra ol dheeratutti na geessi.+
3 Sababiin isaas, ati iddoo ani kooluu itti galu,
Masaraa cimaa diina irraa na eegu dha.+
4 Dunkaana kee keessatti bara baraaf keessummummaadhaan nan jiraadha;+
Gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu nan gala.+ (Seelaa)
5 Yaa Waaqayyo, ati wareegawwan koo dhageesseetta.
Dhaala warra maqaa kee sodaataniis naaf kenniteetta.+
7 Inni bara baraaf Waaqayyo dura teessoo irra taaʼa;*+
Akka isa eeganiif, jaalala amanamaa fi amanamummaa isaaf ajaji.*+
8 Sana booda yommuun guyyaa guyyaadhaan wareega koo raawwadhutti,+
Bara baraaf maqaa keetiif faarfannaa galataa nan faarfadha.*+
Geggeessaa muuziqaatiif; Yedutuuniin.* Faarfannaa Daawit.
62 Dhugumaan, ani calluma jedhee Waaqayyoon nan eeggadha.
Fayyinni koo isa biraa dhufa.+
2 Dhugumaan, inni qarsaa koo, fayyisaa koo fi iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu* dha;+
Ani matumaa akka malee hin raafamu.+
3 Isin nama ajjeesuuf hamma yoomiitti isa haleeltu?+
Hundi keessan akka dallaa jalʼateetti, akka dallaa dhagaa jiguuf jedhettis balaa kan geessistani dha.*
4 Isaan iddoo isaa isa ol kaʼaa* irraa isa kuffisuuf waliin mariʼatu;
Isaan sobatti gammadu.
Afaan isaaniitiin ni eebbisu, keessa isaaniitti garuu ni abaaru.+ (Seelaa)
6 Dhugumaan, inni qarsaa koo, fayyisaa koo fi iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu dha;
Ani matumaa hin raafamu.+
7 Fayyinni koo fi ulfinni koo Waaqayyo irratti kan hundaaʼe dha.
Waaqayyo qarsaa koo isa cimaa fi iddoon kooluu itti galu dha.+
8 Yaa namootaa, yeroo hundumaa isatti amanamaa.
Waaqayyo iddoo kooluu itti gallu dha.+ (Seelaa)
9 Ilmaan namootaa qilleensa qofa dha,
Abjuu dhas.+
Isaan yommuu madaallii irra waliin kaaʼaman, qilleensa caalaa salphatu.+
10 Saamichatti hin amanaminaa
Yookiin hanna irratti abdii sobaa hin qabaatinaa.
Qabeenyi keessan yoo dabale, garaa keessan isa irra hin kaaʼatinaa.+
11 Jabinni kan Waaqayyoo taʼuu isaa+
Waaqayyo siʼa tokko ni dubbate, anis wanta kana siʼa lama nan dhagaʼe.
12 Yaa Yihowaa, jaalalli amanamaanis kan kee ti,+
Sababiin isaas, ati tokkoon tokkoon namaatiif akka hojii isaatti ni deebista.+
Faarfannaa Daawit yeroo lafa onaa Yihudaa keessa turetti faarfate.+
63 Yaa Waaqayyo, ati Waaqa koo ti, ani yeroo hundumaa sin barbaaddadha.+
2 Kanaafuu, iddoo qulqulluu keessatti gara kee nan ilaale;
Jabina kee fi ulfina kees nan arge.+
4 Kanaafuu, umurii koo guutuu sin jajadha;
Maqaa keetiinis harka koo ol nan kaasa.
8 Ani sitti nan maxxana;
Harki kee mirgaa yeroo hunda cimsee na qaba.+
9 Warri lubbuu koo balleessuu* barbaadan garuu,
Lafa gad fagoo keessa gad ni lixu.
10 Humna goraadeetti dabarfamanii kennamu;
Irbaata sardiidotaas* ni taʼu.
11 Mootichi garuu Waaqayyotti ni gammada.
Namni Waaqayyoon kakatu hundi ni gammada,*
Afaan warra soba dubbatanii garuu cal jechisiifama.
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
64 Yaa Waaqayyo, yommuun kadhannaa dhiheessu sagalee koo dhagaʼi.+
Lubbuu koos haleellaa diinaa isa sodaachisaa taʼe irraa eegi.
2 Mala haxxummaa namoonni hamoon dhoksaatti qopheessan jalaa,+
Namoota hedduu balleessaa raawwatan jalaas na golgi.
3 Isaan akkuma goraadeetti arraba isaanii qaratu;
Dubbii isaanii isa hamaas akka xiyyaatti akeekkatu,
4 Kanas kan godhan, iddoo dhokatan irraa nama balleessaa hin qabnetti futtaasuufi;
Isaan sodaa tokko malee akkuma tasaa isatti futtaasu.
5 Yaada isaanii isa hamaatti cichu;*
Kiyyoowwan isaanii akkamitti dhoksanii akka kaaʼan mariʼatu.
“Eenyutu isaan arga?” jedhu.+
6 Malawwan haaraa balleessaa itti raawwatan barbaaddatu;
Tooftaa haxxummaa isaaniis dhoksaatti qopheessu;+
Yaanni garaa tokkoon tokkoon isaanii keessa jirus gad fagoo dha.
7 Waaqayyo garuu isaanitti futtaasa;+
Xiyyis akkuma tasaa isaan madeessa.
8 Arrabumti isaanii akka kufan isaan godha;+
Warri kana argan hundis mataa isaanii raasu.
9 Sana booda namoonni hundi ni sodaatu,
Wanta waaqayyo godhe ni labsu,
Gochawwan isaa irrattis hubannaa ni qabaatu.+
10 Namni qajeelaan Yihowaatti ni gammada, isattis kooluu ni gala;+
Warri garaa qajeelaa qaban hundi ni gammadu.*
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa.
2 Yaa isa kadhannaa namaa dhageessuu, namoonni gosa* hundumaa gara kee ni dhufu.+
Nuti wantoota gaggaarii mana kee,+
Mana qulqullummaa*+ kee isa qulqulluu taʼe keessa jiraniin ni quufna.
5 Yaa Waaqa fayyinaa keenya,
Ati gochawwan qajeelummaa sodaachisoo taʼaniin deebii nuuf kennita;+
Ati Amanannaa guutummaa andaara lafaa,+
Akkasumas kan warra galaanicha gama fagaatanii jiranii ti.
7 Galaanota jeeqaman,
Dhaʼaa dambalii isaanii fi jeequmsa sabootaa cal jechisiista.+
8 Namoonni naannoo fagoo jiraatan mallattoowwan keetiin kan kaʼe ni sodaatu;+
Ati warri baha biiftuutii jalqabee hamma dhiha biiftuutti argaman gammachuudhaan akka ililchan ni goota.
Lagni Waaqa biraa dhufu guutuu dha;
Midhaan isaaniif ni kennita,+
Ati akka kanaan lafa qopheessiteetta.
10 Boʼoowwan isaa ni laaffiste, biyyoo isaa isa qotames* wal qixxeessite;
Tiifuu bokkaatiin isa ni jiiste; sanyiin facaafame akka biqiluu fi akka guddatuufis biyyoo isaa ni eebbiste.+
12 Iddoowwan dheedichaa lafa onaa keessa jiran yeroo hundumaa ni lalisu,*+
Tabbawwanis gammachuudhaan guutamaniiru.+
Isaan sagalee injifannootiin ni iyyu, eeyyee, ni faarfatu.+
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa.
66 Guutummaan lafaa miira injifannootiin Waaqayyoof ililchi.+
2 Maqaa isaa isa ulfina qabeessa taʼeef faarfannaa galataa faarfadhu.*
Jajannaadhaanis ulfina isaaf kenni.+
3 Waaqayyoon akkana jedhi: “Hojiiwwan kee hammam sodaachisoo dha!+
Humna kee isa guddaadhaan kan kaʼe,
Diinonni kee si duratti ni hollatu.+
4 Namoonni lafa irra jiraatan hundi si duratti ni sagadu;+
Faarfannaa galataa siif ni faarfatu;
Maqaa keetiifis faarfannaa galataa ni faarfatu.”+ (Seelaa)
5 Kottaatii hojiiwwan Waaqayyoo ilaalaa.
Gochawwan inni ilmaan namootaatiif raawwate sodaachisoo dha.+
Nutis achitti isatti gammanne.+
7 Inni jabina isaatiin bara baraaf ni bulcha.+
Ijji isaa saboota hordofuu isaa hin dhiisu.+
Warri didaa taʼan of tuuluu hin qaban.+ (Seelaa)
8 Yaa namootaa, Waaqa keenya jajadhaa,+
Sagaleen inni ittiin jajamus haa dhagaʼamu.
10 Yaa Waaqayyo, ati nu qorteetta;+
Akkuma meetiin qulqulleeffamutti nu qulqulleessiteetta.
11 Saaphana keessa nu galchiteetta;
Baʼaa ulfaataa gad nu qabus nu* irra keesseetta.
12 Namni duʼu akka nu* irra gulufu heyyamteetta;
Nuti ibiddaa fi bishaan keessa darbine;
Achiis gara iddoo boqonnaatti nu fidde.
13 Aarsaawwan guutummaatti gubaman qabadhee gara mana kee nan dhufa;+
Wareegawwan koos siif nan raawwadha,+
14 Wareegawwan kunis warra yeroon dhiphina keessa turetti hidhii kootiin waadaa gale,+
Afaan kootiinis dubbadhe dha.
15 Horiiwwan coccoomoo aarsaa gubamu godhee
Aara korbeeyyii hoolaa aarsaa taʼanii dhihaatanii wajjin siif nan dhiheessa.
Qotiyyoowwan korbeeyyii reʼee wajjin aarsaa godhee siif nan dhiheessa. (Seelaa)
17 Afaan kootiin isa nan waammadha,
Arraba kootiinis ulfina isaaf nan kenna.
18 Garaa kootti wanta nama miidhu akkamii iyyuu yaadeera utuun taʼee,
Silaa Yihowaan na hin dhagaʼu ture.+
20 Waaqni inni kadhannaa koo hin tuffanne,
Inni jaalala isaa isa amanamaa natti argisiisuu irraa duubatti hin jenne haa jajamu.
Geggeessaa muuziqaatiif; meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Faarfannaa.
67 Waaqayyo gaarummaa nutti argisiisa, nu eebbisas;
Inni fuula isaa nu irratti ibsa;+ (Seelaa)
2 Kunis, daandiin kee guutummaa lafaa irratti,
Gochawwan fayyinaa kees saboota hundumaa gidduutti akka beekamuufi.+
3 Yaa Waaqayyo, namoonni si haa jajatan;
Namoonni hundi si haa jajatan.
Ati saboota lafa irra jiraatan ni geggeessita. (Seelaa)
5 Yaa Waaqayyo, namoonni si haa jajatan;
Namoonni hundi si haa jajatan.
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa.
68 Waaqayyo haa kaʼu, diinonni isaa haa bittinnaaʼan,
Warri isa jibbanis isa duraa haa baqatan.+
2 Akkuma aarri badutti, ariʼii isaan balleessi;
Akkuma gagaan ibidda duratti baqutti,
Hamoonnis Waaqayyo duraa haa badan.+
3 Qajeelonni garuu haa gammadan;+
Isaan Waaqayyo duratti baayʼee haa gammadan;
Gammachuudhaanis haa ililchan.
4 Waaqayyoon faarfadhaa; maqaa isaatiif faarfannaa galataa faarfadhaa.*+
Isa gammoojjii duwwaa keessa* gulufuuf faarfadhaa.
Maqaan isaa Yaah* jedhama!+ Isa duratti gammadaa!
5 Waaqni inni iddoo jireenyaa isaa isa qulqulluu keessa jiru,+
Ijoollee abbaa hin qabneef abbaa dha, dubartoota abbaan manaa irraa duʼeefis eegumsa godha.*+
6 Waaqayyo warra koʼeeyyii taʼaniif mana jireenyaa ni kenna;+
Hidhamtoota bilisa baasee gara badhaadhinaatti geessa.+
Warri didaa* taʼan garuu biyya waxalame keessa jiraatu.+
8 Lafti ni kirkirte;+
Waaqayyoon kan kaʼe samiin bokkaa roobse;*
Siinaan kunis Waaqayyo isa Waaqa Israaʼel taʼeen kan kaʼe ni kirkire.+
9 Yaa Waaqayyo, ati bokkaan baayʼinaan akka roobu ni goote;
Saba* kee isa dadhabes ni cimsite.
10 Isaan dunkaanota kee keessa jiraataniiru;+
Yaa Waaqayyo, gaarummaa keetiin isa hiyyeessaaf wanta barbaachisu qopheessiteetta.
12 Mootonni raayyaawwan waraanaa isaanii wajjin ni baqatan,+ eeyyee, ni baqatan!
Ishiin manatti hafte wanta boojiʼame irraa ni hirmaatti.+
13 Isin dhiironni ibidda bobaʼu* bira kan ciistan taʼus,
Achitti isin gugee qoochoon ishii meetiidhaan,
Baalleen ishiis warqii baʼeessa* taʼeen uwwifame ni qabaattu.
16 Isin fiixeewwan gaarotaa hinaaffaadhaan
Gara gaara Waaqni bakka jireenyaa isaa akka taʼu filatetti* maaliif ilaaltu?+
Dhugumaan, Yihowaan bara baraaf achi ni jiraata.+
17 Gaariiwwan fardaa Waaqayyoo, kumaatama kudhan, eeyyee, kumaatama hammana hin jedhamne dha.+
Yihowaan Siinaa irraa gara iddoo qulqulluu dhufeera.+
18 Ati gara iddoo ol kaʼaatti ol ni baate;+
Boojiʼamtootas ni fudhatte;
Yaa Waaqa keenya Yaah, ati isaan gidduu jiraachuuf,
Namoota, eeyyee, namoota didaa taʼan+ illee akka kennaatti ni fudhatte.+
19 Yihowaan inni guyyaa guyyaadhaan baʼaa keenya nuuf baatu,+
Waaqni dhugaan inni fayyisaa keenya taʼe haa jajamu. (Seelaa)
21 Eeyyee, Waaqayyo mataawwan diinota isaa,
Gubbee mataa nama yakka isaatti itti fufu* isa rifeensaan guutame hundumaa ni caccabsa.+
22 Yihowaan akkana jedheera: “Ani Baashaan+ keessaa deebisee isaan nan fida,
Galaana gad fagoo keessaa deebisee isaan nan fida;
23 Kunis, miilli kee dhiigaan akka dhiqamuuf,+
Arrabni saroota keetiis dhiiga diinota keetii akka arraabuufi.”
24 Yaa Waaqayyo, isaan hiriira saba keetii,
Yaa Mootii koo, yommuu sabni kee hiriiraan gara iddoo qulqulluu deemus ni argu.+
25 Faarfattoonni fuuldura deemu, warri meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin taphatan isaan booda deemu;+
Shamarran dibbee rukutan immoo isaan gidduu turan.+
26 Gumii guddaa* keessatti Waaqayyoon jajadhaa;
Isin warri Madda Israaʼel irraa dhuftan, Yihowaa jajadhaa.+
27 Achitti Biiniyaam+ inni quxisuun isaan bulcha,
Kana malees, bulchitoonni Yihudaa saba isaanii isa wacuu wajjin,
Bulchitoonni Zaabiloon, bulchitoonni Niftaalemis isaan bulchu.
28 Waaqni kee ati cimaa akka taatu labseera.
Yaa Waaqayyo, ati inni nuuf jettee tarkaanfii fudhatte,+ cimina kee argisiisi.
30 Hamma namoonni sagadanittii fi meetii fidanitti,*
Bineensota bosonaa shomboqqoo keessa jiran,
Yaaʼii qotiyyoowwanii+ fi jabbilee isaanii ifadhu.
Inni garuu namoota waraanatti gammadan ni bittinneessa.
32 Yaa mootummoota lafaa, Waaqayyoon faarfadhaa,+
Yihowaadhaaf faarfannaa galataa faarfadhaa,* (Seelaa)
33 Isa samii samiiwwanii bara durii gulufuuf faarfadhaa.+
Kunoo, inni sagalee isaatiin, sagalee isaa isa jabaadhaan ni kakawweessaʼa.
34 Jabina Waaqayyoo amanaa fudhadhaa.+
Ulfinni isaa Israaʼel irra jira,
Jabinni isaas samiiwwan* keessa jira.
35 Waaqayyo iddoo qulqulluu isaa* isa guddaa keessaa ni sodaachisa.+
Inni Waaqa Israaʼel
Isa namootaaf jabinaa fi humna kennu dha.+
Waaqayyo haa jajamu.
Geggeessaa muuziqaatiif; “Abaaboowwaniin.” Faarfannaa Daawit.
69 Yaa Waaqayyo, bishaanonni lubbuu koo waan doorsisaniif* na oolchi.+
2 Ani bakka lafti gogaan hin jirretti, dhoqqee gad fagoo keessa lixeera.+
Bishaanota gad fagoo keessa seeneera,
Lagni guutes na fudhatee deemeera.+
3 Iyyuu kootiin kan kaʼe dadhabeera;+
Qoonqoon koo cufameera.
Waaqa koo eeggachuudhaan kan kaʼe ijji koo dadhabeera.+
Warri na balleessan,
Diinonni koo warri haxxee taʼan* baayʼataniiru.
Wantan hin hanne akkan deebisu nan dirqisiifame.
5 Yaa Waaqayyo, ati gowwummaa koo beekta,
Balleessaan koos si duraa kan dhokate miti.
6 Gooftaa Ol Aanaa kan taate yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa,
Warri si abdatan anaan kan kaʼe hin qaaneffamin.
Yaa Waaqa Israaʼel,
Warri si barbaaddatan anaan kan kaʼe hin salphifamin.
8 Obboloota kootiif keessummaa,
Ilmaan haadha tiyyaatiifis nama biyya ormaa nan taʼe.+
11 Uffanni koo uffata gaddaa akka taʼu yommuun godhetti,
Isaan biratti kan tuffatamu* nan taʼe.
12 Warri karra magaalattii irra taaʼan waaʼee koo odeessu,
Warri machooftuu taʼanis maqaa koo dhaʼanii sirbu.
13 Taʼus yaa Yihowaa, yeroo fudhatama qabutti+
Kadhannaan koo gara kee haa dhufu.
Yaa Waaqayyo, jaalala kee isa amanamaa isa hedduu taʼeen,
Gochawwan fayyinaa kee warra mirkanaaʼoo taʼaniin deebii naaf kenni.+
14 Dhoqqee irraa na oolchi;
Akkan gad lixu hin godhin.
Warra na jibban jalaa,
Bishaanota gad fagoo jalaas na oolchi.+
15 Lolaan na fudhatee akka deemu+
Yookiin bishaan gad fagoon akka na liqimsu
Yookiin boolli bishaanii* afaan isaa akka na irratti cufu hin godhin.+
16 Yaa Yihowaa, jaalalli kee inni amanamaan gaarii waan taʼeef, deebii naaf kenni.+
Akka baayʼina gara laafina keetti gara kootti garagali,+
17 Fuula kee tajaajilaa kee jalaa hin dhoksin.+
Ani dhiphina keessa waanan jiruuf, dafii deebii naaf kenni.+
18 Natti dhihaadhu, na baraaris;*
Diinota kootiif jedhiitii na furi.
19 Ati arrabsamuu koo, qaanaʼuu koo fi salphachuu koo beekta.+
Diinota koo hundumaas ni argita.
20 Arrabsoon garaa koo cabseera, madaan isaas kan fayyu miti.*
Gara laafina argachuuf abdadheen ture, garuu namni tokko illee hin turre,+
Warra na jajjabeessan argachuuf abdadheen ture, garuu homaa hin arganne.+
21 Haa taʼu malee, isaan bakka nyaataa summii* naaf kennan,+
Dheebuu kootiifis wanta dhangaggaaʼaa akkan dhugu naaf kennan.+
23 Arguu akka hin dandeenyeef, ijji isaanii haa dukkanaaʼu,
Mudhiin isaaniis yeroo hundumaa akka hollatu godhi.
24 Dheekkamsa kee isaan irratti dhangalaasi,
Aariin kee inni bobaʼaanis isaanitti haa dhufu.+
26 Sababiin isaas, isaan isa ati rukutte ni ariʼu,
Waaʼee waraansa warra ati madeessitees ni odeessu.
27 Yakka isaanii irratti yakka dabali,
Isaan qajeelummaa kee keessatti qooda hin qabaatin.
29 Ani garuu cunqurfameera, dhukkubsadheeras.+
Yaa Waaqayyo, humni kee inni oolchu na haa eegu.
30 Maqaa Waaqayyootiif faarfannaa galataa nan faarfadha,
Galata dhiheessuudhaanis isaaf ulfina nan kenna.
31 Kun qotiyyoo caalaa,
Jibicha gaanfaa fi kottee qabu caalaas Yihowaa ni gammachiisa.+
32 Garraamonni kana arganii ni gammadu.
Isin warri Waaqayyoon barbaaddattan, garaan keessan haa bayyanatu.
34 Laftii fi samiin,
Galaanonnii fi warri isaan keessa sochoʼan hundi isa haa jajatan.+
35 Sababiin isaas, Waaqayyo Xiyooniin ni oolcha,+
Magaalota Yihudaas deebisee ni ijaara,
Isaanis achi keessa ni jiraatu, ishiis* ni dhaalu.
36 Sanyiiwwan tajaajiltoota isaa ishii ni dhaalu,+
Warri maqaa isaa jaallatanis+ ishii keessa ni jiraatu.
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit akka yaadachiisaatti* tajaajilu.
70 Yaa Waaqayyo, na oolchi;
Yaa Yihowaa, na gargaaruuf ariifadhu.+
2 Warri lubbuu koo balleessuu barbaadan,
Haa qaaneffaman, haa salphifamanis.
Warri rakkina kootti gammadan,
Salphinaan duubatti haa deebiʼan.
3 Warri, “Ishoo! Ishoo!” jedhan,
Qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
4 Warri si barbaaddatan garuu,
Sitti haa gammadan, haa ililchanis.+
Warri gochawwan fayyinaa kee jaallatan yeroo hundumaa,
“Waaqayyo ulfina haa argatu!” haa jedhan.
5 Ani garuu nama gargaarsa hin qabnee fi hiyyeessa dha;+
Yaa Waaqayyo, anaaf jedhii dafii tarkaanfii fudhadhu.+
71 Yaa Yihowaa, ani sitti kooluu galeera.
Ani matumaa hin qaaneffamin.+
2 Qajeelummaa keetiin na oolchi, na baraaris.
Gurra kee natti qabi,* na oolchis.+
3 Ati dahoo qarsaa,
Bakkan yeroo hunda itti seenuu dandaʼu naaf taʼi.
Kattaa koo fi dahoo koo waan taateef,+
Na oolchuuf ajaja kenni.
4 Yaa Waaqa koo, harka isa hamaa irraa,
Qabaa isa hamminaan hacuucu irraa na oolchi.+
6 Yeroon dhaladhee jalqabee sitti hirkadheera;
Gadameessa haadha koo keessaa kan na baase siʼi.+
Yeroo hundumaa sin jajadha.
7 Namoota hedduudhaaf akka dinqii nan taʼe,
Ati garuu iddoo cimaa ani kooluu itti galu dha.
8 Afaan koo si jajachuudhaan guutameera;+
Guyyaa guutuu waaʼee simboo keetii nan dubbadha.
10 Diinonni koo na mormanii dubbatu,
Warri lubbuu koo balleessuu barbaadan waliin taʼanii,+
11 “Waaqayyo isa dhiiseera.
Kan isa oolchu tokko illee waan hin jirreef, ariʼaa isa qabaa” jedhanii na irratti mariʼatu.+
12 Yaa Waaqayyo, na irraa hin fagaatin.
Yaa Waaqa koo, na gargaaruuf ariifadhu.+
Warri rakkina koo barbaadan
Qaanii fi salphina haa uffatan.+
14 Ani garuu si eeggachuu koo ittan fufa;
Ittuma dabalee sin jajadha.
15 Afaan koo qajeelummaa kee ni dubbata;+
Isaan hubannaa kootii* ol yoo taʼanis,+
Guyyaa guutuu gochawwan fayyinaa kee nan dubbadha.
16 Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa,
Ani dhufee waaʼee gochawwan kee warra jajjaboo nan dubbadha;
Qajeelummaa kee, eeyyee, qajeelummaa isa kan keetii qofa nan odeessa.
17 Yaa Waaqayyo, ati ijoollummaa kootii jalqabdee na barsiisteetta,+
Anis hamma yoonaatti hojiiwwan kee warra dinqisiisoo taʼan labsuu koo itti fufeera.+
18 Yaa Waaqayyo, yeroon dulloomuu fi yeroon harrii baasutti illee na hin dhiisin.+
Waaʼee humna* keetii dhaloota itti aanutti,
Waaʼee guddina keetiis warra gara fuulduraatti dhufan hundumaatti nan hima.+
19 Yaa Waaqayyo, qajeelummaan kee ol gubbaa gaʼa;+
Ati wantoota guguddaa raawwatteetta;
Yaa Waaqayyo, kan akka keetii eenyu?+
20 Dhiphinaa fi rakkina hedduu akkan argu kan goote taʼus,+
Deebisii na bayyanachiisi;
21 Guddina koo dabali,
Natti marsiitii na jajjabeessi.
22 Yaa Waaqa koo, anis amanamummaa keetiin kan kaʼe,+
Meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin sin jajadha.
Yaa Isa Qulqulluu kan Israaʼel,
Baganaadhaan faarfannaa galataa siif nan faarfadha.*
23 Ati lubbuu koo waan oolchiteef,*+
Yommuun faarfannaa galataa siif faarfadhu, afaan koo ni ililcha.+
24 Arrabni koo guyyaa guutuu waaʼee qajeelummaa keetii ni dubbata,*+
Sababiin isaas, warri badiisa koo barbaadan ni qaanaʼu, ni salphatus.+
Faarfannaa waaʼee Solomoon faarfatame.
72 Yaa Waaqayyo, mootichaaf murtiiwwan kee kenni;
Ilma mootichaas qajeelummaa kee gonfachiisi.+
3 Gaaronni sabichaaf nagaa haa fidan,
Tabbawwanis qajeelummaa haa fidan.
4 Inni warra rakkatoo sabicha gidduutti argamaniif haa falmu,*
Ilmaan hiyyeessaa haa oolchu,
Isa gowwoomsaa raawwatus haa caccabsu.+
8 Inni galaanaa hamma galaanaatti,
Lagicha* irraa hamma andaara lafaattis namoota isaaf bitaman ni qabaata.*+
10 Mootonni Tarshiishii fi mootonni odolawwanii gibira isaaf ni kaffalu.+
Mootonni Sheebaa fi mootonni Seebaa kennaa isaaf ni kennu.+
11 Mootonni hundi isa duratti sagadu,
Saboonni hundis isa tajaajilu.
12 Sababiin isaas, inni hiyyeessa gargaarsa argachuuf iyyatu,
Akkasumas isa rakkataa taʼee fi isa gargaaraa hin qabne kam iyyuu ni oolcha.
13 Isa rakkataa fi isa hiyyeessa taʼeef ni gadda,
Lubbuu hiyyeeyyiis ni oolcha.
14 Cunqursaa fi hammina irraa isaan oolcha,*
Dhiigni isaaniis ija isaa duratti gatii guddaa qaba.
15 Inni haa jiraatu, warqiin Sheebaas isaaf haa kennamu.+
Utuu wal irraa hin citin waaʼee isaa kadhannaan haa dhihaatu,
Guyyaa guutuus kan eebbifame haa taʼu.
Firiin isaa akkuma Libaanon keessa jiruutti ni lalisa,+
Magaalota keessattis namoonni akkuma biqiltuu lafaatti ni daraaru.+
Namoonni karaa isaa ofii isaaniitiif eebba haa argatan;+
Saboonni hundis inni gammadaa taʼuu isaa haa labsan.
18 Yihowaan Waaqni Israaʼel,
Inni kophaa isaa wantoota dinqisiisoo taʼan raawwatu haa jajamu.+
19 Maqaan isaa inni ulfina qabeessa taʼe bara baraaf haa jajamu,+
Ulfinni isaas guutummaa lafaa haa guutu.+
Ameen, Ameen.
20 Kadhannaan Daawit ilma Issey+ as irratti xumurama.
KITAABA SADAFFAA
(Faarfannaa 73-89)
Faarfannaa Asaaf.+
73 Dhuguma iyyuu Waaqayyo Israaʼeliif, warra garaan isaanii qulqulluu taʼeef gaarii dha.+
2 Ani garuu, miilli koo karaa irraa jalʼachuuf jedhee,
Tarkaanfiin koos mucucaachuu jala gaʼee ture.+
6 Kanaafuu, of tuulummaan amartii mormaa isaanii ti;+
Hamminas akka uffataatti uffatu.
7 Badhaadhinni* isaanii ija isaanii dhiitesseera;
Isaan wanta garaa isaaniitti yaadan caalaa qabu.
8 Namootatti ni qoosu, wantoota hamaas ni dubbatu.+
Warra kaan cunqursuuf of tuulummaadhaan doorsisu.+
9 Akkuma samiitti ol kaʼanii akka jiran dubbatu,
Arrabni isaaniis of tuulummaadhaan lafa irra asii fi achi joora.
10 Kanaafuu, sabni isaa gara isaaniitti gora,
Isaanis bishaan isaanii isa hedduu irraa ni dhugu.
11 “Waaqayyo akkamitti beeka?+
Inni Hundaa Olii dhuguma beekumsa qabaa?” jedhu.
12 Eeyyee, namoonni kun hamoota, warra yeroo hunda rakkina malee jiraatani dha.+
Isaan qabeenya isaanii ni baayʼifatu.+
13 Dhuguma iyyuu, garaa koo qulqulluu kanan godhe,
Harka koos qulqullummaadhaan kanan dhiqadhe akkanumaan ture.+
15 Wantoota kana utuun dubbadheera taʼee,
Silaa saba kee* nan ganan ture.
16 Kana hubachuuf yommuun yaalii godhetti,
Na rakkisee ture;
17 Kunis, ani iddoo qulqulluu Waaqayyoo isa guddaatti seenee,
Hamman egeree isaanii hubadhutti ture.
18 Ati dhugumaan lafa mucucaatu irra isaan dhaabbachiista.+
Kufanii akka badanis ni goota.+
19 Isaan hatattamaan balleeffamaniiru!+
Badiisa guddaa isaan irra gaʼeenis saffisaan dhumaniiru!
20 Yaa Yihowaa, akkuma abjuun yommuu dammaqan irraanfatamutti,
Atis yommuu kaatu bifa isaanii ni balleessita.*
22 Ani nama sirriitti hin yaannee fi hubannaan itti hirʼatun ture;
Si durattis akka bineensa yaaduu hin dandeenyee taʼeen ture.
23 Amma garuu yeroo hunda sii wajjinan jira;
Atis harka mirgaa koo qabatteetta.+
25 Samii keessaa eenyuunan qaba?
Lafa irrattis si malee homaa hin barbaadu.+
26 Qaamni koo fi garaan koo dadhabuu dandaʼu,
Waaqayyo garuu qarsaa garaa kootii ti, bara baraafis qooda koo ti.+
27 Dhugumaan, warri si irraa fagaatan ni badu.
Atis nama addaggummaadhaan* si dhiisu kam iyyuu ni balleessita.*+
28 Gama kootiin garuu, Waaqayyotti dhihaachuun anaaf gaarii dha.+
Hojiiwwan isaa hundumaa akkan labsuuf,+
Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa iddoon kooluu itti galu godhadheera.
74 Yaa Waaqayyo, bara baraaf maaliif nu gatte?+
Aariin kee hoo hoolota iddoo dheedichaa keetii irratti maaliif bobaʼa?*+
Gaara Xiyoon isa keessa jiraatte sana yaadadhu.+
3 Adeemsa kee gara iddoo guutummaatti diigameetti qajeelchi.+
Diinni wanta iddoo qulqulluu keessa jiru hundumaa balleesseera.+
4 Diinonni kee iddoo walgaʼii* kee keessatti baroodaniiru.+
Faajjiiwwan isaaniis akka mallattootti achi dhaabaniiru.
5 Isaan akka namoota bosona yabbuu irratti qottoo kaasanii ti.
6 Bocawwan+ sana hundumaa qottoo fi danqaraa sibiilaatiin caccabsaniiru.
7 Iddoo qulqulluu kee ibiddaan gubaniiru.+
Godoo qulqulluu maqaa kee itti waamamu lafatti gatanii xureessaniiru.
8 Isaanis taʼan sanyiin isaanii garaa isaaniitti,
“Iddoowwan walgaʼii Waaqayyoo* warri biyyattii keessa jiran hundi gubachuu qabu” jedhu.
9 Mallattoon arginu hin jiru;
Kana booda raajiin hin jiraatu,
Nu keessaa namni wanti kun yeroo hammamiitiif akka turu beekus hin jiru.
10 Yaa Waaqayyo, hamajaajiin hamma yoomiitti qoosa?+
Diinni hoo bara baraaf maqaa kee salphisaa jiraataa?+
11 Harka kee, eeyyee harka kee mirgaa maaliif dachaasta?+
Harka kee bobaa kee* jalaa baasiitii isaan balleessi.
12 Waaqayyo garuu bara duriitii jalqabee Mootii koo
Isa lafa irratti gochawwan fayyinaa raawwatu dha.+
13 Ati jabina keetiin galaana sochoosteetta;+
Mataa uumamawwan galaanaa guguddaa bishaanota keessatti caccabsiteetta.
14 Mataawwan Lewaataan* caccabsiteetta,
Isas namoota gammoojjii keessa jiraataniif nyaata gootee kenniteetta.
16 Guyyaanis taʼe halkan kan kee ti.
Ifas* taʼe aduu tolchiteetta.+
18 Yaa Yihowaa, arrabsoo diinaa fi
Gowwoonni hammam maqaa kee akka salphisan yaadadhu.+
19 Lubbuu gugee bosonaa keetii bineensota bosonaatti dabarsitee hin kennin.
Lubbuu saba kee warra cunqurfamaniis bara baraaf hin irraanfatin.
20 Iddoowwan dukkanaa lafa irratti argaman hamminaan waan guutamaniif,
Kakuu sana yaadadhu.
22 Yaa Waaqayyo kaʼi, dhimma seeraa kee irrattis falmi.
Inni gowwaan guyyaa guutuu hammam akka si arrabsu yaadadhu.+
23 Wanta diinonni kee jechaa jiran hin irraanfatin.
Wacni warra si tuffataniis utuu wal irraa hin citin ol baʼaa jira.
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa “Badiisa hin Fidin.” Faarfannaa Asaaf.+ Faarfannaa.
75 Galata siif galchina, yaa Waaqayyo, galata siif galchina;
Maqaan kee nu bira jira,+
Namoonnis hojiiwwan kee warra dinqisiisoo taʼan ni labsu.
2 Ati akkana jetta: “Murtiidhaaf ergan yeroo ramadee booda,
Haqaan murtii nan kenna.
3 Laftii fi jiraattonni ishii hundi yommuu baqanitti,
Utubaawwan ishii kan cimse ana dha.” (Seelaa)
4 Isa of jajuun, “Of hin jajin” nan jedha.
Isa hamaadhaanis akkanan jedha: “Jabina* kee ol hin kaasin.
5 Jabina* kee gara gubbaatti ol hin kaasin
Yookiin of tuulummaadhaan hin dubbatin.
6 Sababiin isaas, ulfinni namaa
Baha irraa yookiin dhiha irraa yookiin kibba irraa hin dhufu.
7 Waaqayyo Abbaa Murtii ti.+
Inni nama tokko gad ni buusa, isa kan biraa immoo ol ni kaasa.+
8 Xoofoon tokko harka Yihowaa keessa jira;+
Daadhiin wayinii hoomacha baasaa jira, guutummaattis kan walitti makame dha.
Inni dhugumaan isa ni dhangalaasa,
Hamoonni lafa irra jiraatan hundis siicoo isaa wajjin isa ni dhugu.”+
9 Ani garuu bara baraaf isa nan labsa;
Waaqa Yaaqoobiif faarfannaa galataa nan faarfadha.*
10 Sababiin isaas inni, “Jabina* hamootaa hundumaa nan kuta,
Jabinni* nama qajeelaa garuu ol ni kaafama” jedheera.
Geggeessaa muuziqaatiif; meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Faarfannaa Asaaf.+ Faarfannaa.
3 Achitti inni xiyyawwan bobaʼan,
Gaachana, goraadee fi meeshaawwan waraanaa caccabseera.+ (Seelaa)
4 Ati akka gaariitti ni ibsita;*
Ati gaarota adamoo caalaa ulfina qabeessa dha.
5 Warri onneen isaanii onnataa taʼe saamamaniiru.+
Isaan rafaniiru;
Loltoonni hundi gargaarsa kan hin qabne taʼaniiru.+
6 Yaa Waaqa Yaaqoob, dheekkamsa keetiin kan kaʼe,
Inni gaarii fardaa oofus taʼe fardichi hirriba cimaa rafaniiru.+
7 Si qofatu sodaachisaa dha.+
Eenyutu dheekkamsa kee isa guddaa dura dhaabbachuu dandaʼa?+
8 Ati samii irraa murtii dabarsiteetta;+
Lafti sodaattee calluma jetteetti;+
9 Kunis kan taʼu, Waaqayyo garraamota lafa irra jiraatan hundumaa oolchuuf+
Yommuu murtii kennuuf kaʼutti dha. (Seelaa)
10 Sababiin isaas, dheekkamsi namaa ati akka jajamtu godha;+
Atis dheekkamsa isaanii isa hafeen of miidhagsita.
11 Waaqa keessan Yihowaadhaaf wareega wareegaa, wareega keessanis raawwadhaa,+
Warri naannoo isaatti argamtan hundi sodaadhaan kennaa keessan fidaa.+
12 Inni of tuulummaa* geggeessitootaa gad ni qaba;
Mootota lafaa keessattis sodaa ni uuma.
Geggeessaa muuziqaatiif; Yedutuuniin.* Faarfannaa Asaaf.+ Faarfannaa.
77 Sagalee koo ol kaasee gara Waaqayyootti nan iyyadha;
Gara Waaqayyootti nan iyyadha, innis na dhagaʼa.+
2 Guyyaa dhiphina kootti Yihowaa nan barbaaddadha.+
Halkanis harki koo boqonnaa malee* gara isaatti diriirfameera.
Ani jajjabaachuu hin dandaʼu.
4 Ati qola ija kootii banteetta;
Ani jeeqameera, dubbachuus hin dandaʼu.
5 Yaanni koo gara bara duriitti,+
Gara waggoota dur duriitti deebiʼeera.
7 Yihowaan bara baraaf nu gataa?+
Matumaa deebiʼee gaarummaa nutti hin argisiisuu?+
8 Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf addaan citeeraa?
Waadaan inni gale dhaloota hundumaa keessatti utuu hin raawwatamin ni hafaa?
9 Waaqayyo gaarummaa isaa argisiisuu irraanfateeraa?+
Aariin isaa hoo gara laafinni isaa akka badu godheeraa? (Seelaa)
10 Yeroo hundumaa, “Wanti na dhiphisu* kana dha:+
Inni Hundaa Olii ilaalcha nuuf qabu* jijjiireera” jechuun qabaa?
11 Hojiiwwan Yaah nan yaadadha;
Gochawwan kee warra dinqisiisoo bara duriitti raawwatte nan yaadadha.
12 Gocha kee hundumaa irratti nan xiinxala,
Wantoota ati raawwatte irrattis nan yaada.+
13 Yaa Waaqayyo, karaawwan kee qulqulluu dha.
Yaa Waaqayyo, waaqni akka kee guddaa taʼe isa kami?+
14 Ati Waaqa dhugaa wantoota dinqisiisoo raawwatu dha.+
Jabina kee namootatti mulʼisteetta.+
16 Yaa Waaqayyo, bishaanonni si argan;
Bishaanonni si arganii jeeqaman.+
Bishaanonni gad fagoonis ni raafaman.
17 Duumessoonni bishaan roobsaniiru.
Samiiwwan duumessa uffatan kakawweessaʼaniiru,
Xiyyawwan kees asii fi achi futtaafamaniiru.+
18 Sagaleen kakawwee+ kee akka geengoo gaarii fardaa ti;
Balaqqeessi bakakkaa guutummaa lafaa* ibsa;+
Lafti ni raafamte, ni kirkirtes.+
19 Karaan kee galaana keessa,+
Daandiin kee bishaanota hedduu keessa dha;
Taʼus faana si dhaʼuun hin dandaʼamu.
78 Yaa saba koo, seera* koo dhagaʼi;
Gurra kees gara dubbii afaan kootti qabi.
2 Fakkeenyaan afaan koo nan banadha.
Hibboo bara duriis nan dubbadha.+
3 Waaʼee wanta dhageenyee fi wanta beeknuu,
Isa abbootiin keenya nutti himan,+
4 Ilmaan isaanii jalaa hin dhoksinu;
Gochawwan Yihowaa warra jajamuu qabanii fi jabina isaa,+
Wantoota dinqisiisoo inni raawwates,+
Dhaloota dhufutti ni himna.+
5 Inni yaadachiisa tokko Yaaqoob gidduutti ni hundeesse,
Seera tokkos Israaʼel gidduutti ni dhaabe;
Wantoota kana ijoollee isaanii akka beeksisan+
Abbootii keenya ni ajaje,
6 Kunis dhaloonni dhufu,
Ijoolleen gara fuulduraatti dhalatan, wantoota kana akka beekaniifi.+
Isaan immoo ijoollee isaaniitti ni himu.+
7 Wantoonni kunis Waaqayyo irratti amanannaa akka qabaatan godhu.
8 Sana booda isaan akka abbootii isaanii,
Dhaloota didaa fi fincilaa,+
Dhaloota garaan isaa walaallammii taʼe,*+
Isa hafuurri isaa Waaqayyoof amanamaa hin taane hin taʼan.
9 Efreemonni iddaa kan hidhatan turan,
Garuu guyyaa waraanaatti ni baqatan.
11 Wanta inni godhe,
Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo inni isaanitti argisiises ni irraanfatan.+
12 Inni biyya Gibxii keessatti, naannoo Zoʼaanitti,+
Utuma abbootiin isaanii arganii wantoota dinqisiisoo raawwate.+
13 Achi keessa isaan ceesisuuf, galaanicha gargar hire,
14 Guyyaa duumessaan,
Halkan guutuu immoo ifa ibiddaatiin isaan geggeesse.+
15 Lafa onaa keessatti qarsaawwan ni babbaqaqse,
Akka waan bishaan gad fagoo keessaa dhuganiittis dhuganii akka quufan godhe.+
16 Kattaa keessaa burqaawwan isaaniif ni baase,
Bishaanis akkuma lagaatti akka gad yaaʼu godhe.+
17 Isaan garuu gammoojjii keessatti Isa Hundaa Olii irratti finciluudhaan,
Isa irratti cubbuu hojjechuu isaanii itti fufan;+
18 Nyaata dharraʼan* irra deddeebiʼanii gaafachuudhaan,
19 Kanaafuu, “Waaqayyo lafa onaa keessatti maaddii qopheessuu dandaʼaa?”+ jedhanii
Isa mormanii dubbatan.
20 Kunoo, inni qarsaa ni rukute,
Kanaafuu, bishaanonni ni yaaʼan, burqaawwanis ni lolaʼan.+
“Nyaata hoo nuuf kennuu ni dandaʼaa?
Yookiin saba isaatiif foon qopheessuu ni dandaʼaa?”+
21 Yihowaan yommuu isaan dhagaʼetti baayʼee aare;+
Ibiddi+ Yaaqoob irratti ni bobaʼe,
Dheekkamsi isaas Israaʼel irratti ni bobaʼe;+
22 Sababiin isaas, isaan Waaqayyotti hin amanne;+
Dandeettii inni isaan oolchuuf qabuttis hin amanamne.
23 Kanaafuu, samiiwwan ol gubbaa warra duumessa uffatan ni ajaje,
Balbaloota samiis ni bane.
24 Isaan akka nyaataniif mannaa isaaniif roobsuu isaa itti fufe;
Midhaan samiis isaaniif ni kenne.+
25 Namoonni nyaata warra jajjaboo* ni nyaatan;+
Innis isaan quubsuuf hamma isaan gaʼu isaaniif ni qopheesse.+
26 Bubbee bahaa samiiwwan keessatti ni kakaase,
Bubbeen kibbaas humna isaatiin akka bubbisu godhe.+
27 Foon akkuma biyyootti,
Simbirrootas akkuma cirracha qarqara galaanaatti isaan irratti roobse.
28 Buufata isaa gidduutti,
Guutummaa naannoo dunkaanota isaattis akka kufan godhe.
29 Isaanis ni nyaatan, akka malees ni quufan;
Inni wanta isaan hawwan isaaniif ni kenne.+
30 Taʼus guutummaatti dharraa baʼuu isaanii dura,
Nyaanni isaanii utuma afaan isaanii keessa jiruu,
31 Dheekkamsi Waaqayyoo isaan irratti bobaʼe.+
Namoota isaanii warra ciccimoo ni ajjeese;+
Dargaggoota Israaʼelis ni kukuffise.
32 Kun taʼus, isaan caalaatti cubbuu hojjetan,+
Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo taʼanittis hin amanne.+
33 Kanaafuu, inni guyyoota isaanii akkuma hafuuraatti,
Waggoota isaaniis naasuu tasaatiin ni gabaabse.+
34 Isaan garuu akkuma inni isaan ajjeesuu jalqabeen isa barbaaddatu turan;+
Deebiʼaniis Waaqayyoon ni barbaadu turan;
35 Kanas kan godhan, Waaqayyo Qarsaa+ isaanii,
Waaqni Hundaa Olii isa isaan furu* akka taʼe yaadachuudhaan ture.+
36 Taʼus afaan isaaniitiin isa gowwoomsuuf yaalii godhan,
Arraba isaaniitiinis isa soban.
38 Inni garuu gara laafessa ture;+
Balleessaa isaanii isaaniif dhiisa,* akka badanis hin godhu ture.+
Dheekkamsa isaa hundumaa dammaqsuu mannaa,
Yeroo baayʼee aarii isaa isaan irraa deebiseera.+
39 Sababiin isaas, isaan foon akka taʼan,
Akkasumas bubbee bubbisee darbuu fi hin deebine akka taʼan* yaadateera.+
40 Isaan lafa onaa keessatti siʼa meeqa isa irratti fincila kaasan!+
Gammoojjii keessattis siʼa meeqa isa gaddisiisan!+
42 Humna* isaa hin yaadanne,
Guyyaa itti diina jalaa isaan oolche* sana,+
43 Mallattoowwan isaa Gibxii keessatti,+
Dinqiiwwan isaas naannoo Zoʼaan keessatti akkamitti akka argisiise,
44 Lageen isaanii keessaa dhuguu akka isaan hin dandeenyeef,
Boʼoowwan Abbayyaa akkamitti gara dhiigaatti akka jijjiires+ hin yaadanne.
46 Midhaan isaanii awwaannisa hin quufneef,
Firii dadhabbii isaaniis hoomaa awwaannisaatiif ni kenne.+
47 Mukeetii wayinii isaanii cabbiidhaan,+
Mukeetii harbuu isaaniis cabbii guguddaadhaan ni balleesse.
49 Aarii isaa isa bobaʼaa,
Finiina, dheekkamsaa fi dhiphina,
Tuuta maleekotaa badiisa fidanis isaanitti erge.
50 Dheekkamsa isaatiif daandii qopheesse.
51 Dhuma irrattis angafoota Gibxii hundumaa,
Warra firii jalqaba jabina isaanii taʼan dunkaanota Kaam keessatti ni rukute.+
52 Achiis saba isaa akka hoolotaatti gad ni baase,+
Akkuma tuuta horii lafa onaa keessa jiruuttis isaan geggeesse.
53 Nagaadhaan isaan geesse,
Sodaanis isaanitti hin dhagaʼamne;+
Galaanichi diinota isaanii ni uwwise.+
54 Gara naannoo isaa isa qulqulluutti,
Gara naannoo gaarotaa isa harka isaa mirgaatiin argate kanaatti isaan geesse.+
55 Saboota isaan duraa ni ariʼe;+
Wadaroo safaraatiin isaaniif dhaala ni hire;+
Manneen isaanii keessa gosoota Israaʼel ni jiraachise.+
56 Isaan garuu Waaqa Isa Hundaa Olii morkachuu* isaanii fi isa irratti fincila kaasuu isaanii itti fufan;+
Yaadachiisawwan isaatiifis xiyyeeffannaa hin kennine.+
57 Kana malees, isaan isa irraa ni garagalan, akka abbootii isaaniis gantoota turan.+
Akkuma iddaa laafeetti kan hin amansiisne turan.+
58 Iddoowwan ol kaʼoo isaaniitiin irra deddeebiʼanii isa dheekkamsiisan,+
Fakkiiwwan isaanii warra bocamaniinis aariidhaaf* isa kakaasan.+
59 Waaqayyo ni dhagaʼe, akka malees ni dheekkame,+
Kanaafuu, guutummaatti Israaʼeliin ni dhiise.
60 Dhuma irrattis godoo qulqulluu Shiiloo,
Dunkaana isa inni namoota gidduu keessa jiraachaa ture sana ni dhiise.+
61 Mallattoon jabina isaa akka boojiʼamu godhe;
Simboo isaas harka diinaatti dabarsee kenne.+
62 Saba isaa goraadeetti dabarsee kenne,+
Dhaala isaattis akka malee aare.
63 Dargaggoota isaa ibiddi ni nyaate,
Durboota isaatiifis sirbi cidhaa hin sirbamne.*
64 Luboonni isaa goraadeedhaan dhumaniiru,+
Dubartoonni isaanii warri abbaan manaa irraa duʼes hin boonye.+
65 Achiis akkuma namni jabaan+ daadhii wayinii irraa dammaqutti,
Yihowaan akka waan hirribaa dammaqutti ni dammaqe.+
66 Diinota isaas duubatti deebise;+
Salphina cimaa keessa isaan buuse.
67 Dunkaana Yoseef ni tuffate;
Gosa Efreem hin filanne.
69 Iddoon qulqulluu isaa akka samiiwwaniitti,*
Akka lafa ishii bara baraaf hundeesseettis jabaatee akka dhaabbatu godhe.+
70 Tajaajilaa isaa Daawitiin filatee,+
Goorannoo hoolotaa gidduudhaa,+
71 Hoolota hoosisan eeguu irraas isa fudhate;
Yaaqoob isa saba isaa taʼe irratti,
Israaʼel isa dhaala isaa taʼe irrattis tiksee isa godhe.+
Faarfannaa Asaaf.+
79 Yaa Waaqayyo, saboonni dhaala kee weeraraniiru;+
Mana qulqullummaa kee isa qulqulluu xureessaniiru;+
Yerusaalemiinis gara tuullaa dhagaatti jijjiiraniiru.+
2 Reeffa tajaajiltoota keetii nyaata godhanii simbirroota samiitiif,
Foon warra siif amanamoo taʼaniis bineensota bosonaa lafa irra jiraniif kennaniiru.+
3 Dhiiga isaanii naannoo Yerusaalemitti akka bishaaniitti dhangalaasaniiru,
Isaan awwaaluufis lubbuudhaan kan oole hin turre.+
4 Olloota keenya duratti warra arrabsaman taaneerra;+
Namoonni naannoo keenyaa nutti qoosu, nutti kolfus.
5 Yaa Yihowaa, akka malee kan dheekkamtu hamma yoomiitti? Bara baraafii?+
Aariin kee akka ibiddaatti kan bobaʼu hoo hamma yoomiitti?+
6 Saboota si hin beekne irratti,
Mootummoota maqaa kee hin waammanne irrattis dheekkamsa kee dhangalaasi.+
7 Sababiin isaas, isaan Yaaqoobiin nyaataniiru,
Biyya isaas onsaniiru.+
8 Balleessaa abbootii keenyaatiif akka itti gaafatamnu hin godhin.+
Baayʼee waan gad qabamneef,
Dafiitii gara laafina kee nutti argisiisi.+
9 Yaa Waaqa fayyinaa keenya,+
Maqaa kee isa ulfina qabeessa taʼeef jedhiitii nu gargaari;
Maqaa keetiif jedhiitii nu oolchi, cubbuu keenyas nuuf dhiisi.*+
10 Saboonni, “Waaqni isaanii eessa jira?”+ maaliif jedhu?
Dhiiga tajaajiltoota keetii isa dhangalaʼeef haaloon akka baʼame,+
Ijuma keenya duratti saboota gidduutti haa beekamu.
11 Inni hidhame yommuu aadu dhagaʼi.+
Warra duuti itti murteeffame* lubbuudhaan tursuuf* humna* kee isa guddaatti fayyadami.+
13 Achiis nuti, sabni kee warri hoolota iddoo dheedichaa keetii taane,+
Bara baraaf galata siif galchina;
Dhalootaa hamma dhalootaattis jajamuu kee ni labsina.+
Geggeessaa muuziqaatiif; “Abaaboowwaniin.” Yaadachiisa. Faarfannaa Asaaf.+ Faarfannaa.
80 Yaa Tiksee Israaʼel,
Ati inni akka hoolotaatti Yoseefiin geggeessitu,+ dhagaʼi.
4 Yaa Yihowaa Waaqa Raayyaa, hamma yoomiitti gara kadhannaa saba keetiitti diinummaadhaan* ilaalta?+
5 Ati akkuma nyaata isaaniitti imimmaan isaan soorte,
Imimmaan hammana hin jedhamnes akka dhugan goote.
6 Olloonni keenya nu irratti akka wal lolan goote;
Diinonni keenya akkuma barbaadanitti nutti qoosaa jiru.+
7 Yaa Waaqa Raayyaa, iddoo keenyatti nu deebisi;
Akka oolluuf, fuulli kee nu irratti haa ifu.+
8 Mukti wayinii+ Gibxii keessaa akka baʼu goote.
Saboota ariitees isa dhaabde.+
9 Ati iddoo isaaf ni qopheessite,
Innis hidda godhatee biyyattii guute.+
10 Gaaronni gaaddisa isaatiin,
Gaattiraawwan Waaqayyoos dameewwan isaatiin ni haguugaman.
12 Warri achiin darban hundi firii isaa akka cirataniif,+
Ati dallaawwan dhagaa maasii wayinichaa kan diigde maaliifi?+
13 Karkarroowwan bosonaa isa mancaasu,
Bineensonni bosonaas isa sooratu.+
14 Yaa Waaqa Raayyaa, maaloo deebiʼi.
Samii irraa gad milʼadhu, ilaalis!
16 Inni ibiddaan gubateera,+ murameeras.
Isaan dheekkamsa keetiin* badaniiru.
17 Harki kee nama karaa mirgaa kee jiru,
Ilma namaa isa ofiif cimsatte sana haa deggeru.+
18 Sana booda nuti si biraa hin deebinu.
Maqaa kee akka waammannuuf, lubbuudhaan nu tursi.
19 Yaa Yihowaa Waaqa Raayyaa, iddoo keenyatti nu deebisi;
Akka oolluuf, fuulli kee nu irratti haa ifu.+
Geggeessaa muuziqaatiif; Giitiititti.* Faarfannaa Asaaf.+
81 Waaqa isa jabina keenya taʼeef ililchaa.+
Waaqa Yaaqoobiif miira injifannootiin ililchaa.
2 Muuziqaa taphachuu jalqabaa, dibbees rukutaa,
Baganaa namatti toluu fi meeshaa muuziqaa ribuu qabus fudhadhaa.
3 Guyyaa ayyaana keenyaatiif, guyyaa baatii haaraatti,
Guyyaa baatii guutuutti xurumbaa afuufaa.+
4 Sababiin isaas, kun Israaʼeliif labsii dha,
Murtii Waaqa Yaaqoob biraa dhufe dhas.+
Ani sagalee* akkana jedhuu fi hin hubanne kana nan dhagaʼe:
6 “Baʼaa isaa gateettii isaa irraa nan fuudhe;+
Harki isaas guuboo baachuu irraa bilisa taʼee ture.
7 Yeroo dhiphinaa keetti na waammatte, anis sin oolche;+
Duumessa kakawweedhaan guutame keessaa* deebii siif nan kenne.+
Bishaanota Mariibaa* biratti sin qore.+ (Seelaa)
8 Yaa saba koo, na dhagaʼi, ani si irratti ragaa nan baʼa.
Yaa Israaʼel, utuu na dhageesseetta taʼee silaa gaarii ture.+
9 Si gidduu waaqni keessummaa taʼe hin jiraatu,
Atis waaqa ormaatiif hin sagaddu.+
10 Ani Yihowaan Waaqa kee
Isa biyya Gibxii keessaa si baase dha.+
Afaan kee balʼisii banadhu, anis isa nan guuta.+
11 Sabni koo garuu sagalee koo hin dhageenye;
Israaʼel naaf hin ajajamne.+
12 Kanaafuu, garaa isaanii isa didaa duukaa akka buʼan isaan nan dhiise;
13 Maal taʼa sabni koo utuu na dhagaʼeera taʼee,+
Israaʼel daandiiwwan koo irra utuu deemeera taʼee!+
14 Silaa ani dafee diinonni isaanii akka isaaniif bitaman nan godha,
Harka koos hamajaajii isaanii irratti nan kaasan ture.+
15 Warri Yihowaa jibban isa duratti ni hollatu,
Wanti dhuma irratti isaanitti dhufus* bara baraaf itti fufa.
16 Inni garuu qamadii hunda caalaa baʼeessa taʼe* si* soora,+
Damma kattaa keessaa argamuunis si quubsa.”+
Faarfannaa Asaaf.+
3 Isa rakkataa fi isa abbaa hin qabneef falmaa.*+
Isa gargaarsa hin qabnee fi rakkina irra buʼeef haqaan murtii kennaa.+
4 Isa rakkataa fi isa hiyyeessa baraaraa;
Harka hamootaa jalaas isaan oolchaa.”
5 Isaan hin beekan, hin hubatanis;+
Dukkana keessa asii fi achi deemaa jiru;
Hundeewwan lafaa hundi kirkiraa jiru.+
8 Yaa Waaqayyo, saboonni hundi kan kee waan taʼaniif,
Kaʼi, lafaafis murtii kenni.+
Faarfannaa. Faarfannaa Asaaf.+
2 Sababiin isaas, kunoo diinonni kee wacaa jiru;+
Warri si jibbanis gocha of tuulummaa raawwachaa* jiru.
3 Isaan haxxummaadhaan dhoksaatti saba kee irratti mala qopheessu;
Warra siif iddoo guddaa qaban* irrattis ni mariʼatu.
5 Tokko taʼanii tooftaa qopheessu;*
Si mormuudhaan walii galtee* uumaniiru;+
6 Dunkaanonni Edoom, Ishmaaʼelonni, Moʼaab,+ Haggaaronni,+
Akkasumas Filisxeem+ jiraattota Xiirosii+ wajjin taʼanii si mormu.
9 Akkuma Miidiyaan+ irratti goote,
Akkuma laga* Qiishoon biratti Siseeraa fi Yaabiin irratti goote isaan irrattis godhi.+
10 Isaan Een Dooritti+ balleeffamaniiru;
Lafattiidhaafis dikee taʼaniiru.
11 Guguddoota isaanii akkuma Oreebii fi Zeʼeeb,+
12 Sababiin isaas isaan, “Biyya isa Waaqayyo keessa jiraatu dhaalaan haa fudhannu” jedhaniiru.
13 Yaa Waaqa koo, akka sokorruu gaggaragaluu,+
Akka hoffaa bubbeedhaan fudhatamuus isaan godhi.
14 Akka ibidda bosona gubuu,
Akka labooba gaarota waxaluus isaan godhi;+
15 Obomboleettii keetiin isaan duukaa buʼi,+
Bubbee kee isa cimaadhaanis isaan naasisi.+
17 Isaan bara baraaf haa qaanaʼan, haa naʼanis;
Haa salphatan, haa badanis;
18 Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe,+
Guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii+ taʼuu kee namoonni haa beekan.
Geggeessaa muuziqaatiif; Giitiititti.* Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Faarfannaa.
2 Guutummaan eenyummaa kootii*
Mooraa Yihowaa hawweera;+
Eeyyee, ani mooraa isaa hawwuu irraa kan kaʼe gaggabeera.
Garaan koo fi foon koo Waaqa isa jiraataadhaaf ni ililchu.
3 Mootii koo fi Waaqa koo kan taate
Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa, iddoo aarsaa kee biratti
Simbirroon illee mana ni argatti,
Dimbiixiinis ofii ishiitiif manʼee,
Bakka cuucota ishii itti kunuunsitu achitti ni argatti.
4 Warri mana kee keessa jiraatan gammadoo dha!+
Isaan si jajachuu isaanii itti fufu.+ (Seelaa)
5 Namoonni si irraa jabina argatan,
Warri garaa isaanii daandiiwwan guguddaa irra kaaʼatanis gammadoo dha.+
6 Isaan yommuu Sulula Baakaa* keessa darban,
Gara iddoo burqaawwaniitti isa ni jijjiiru;
Bokkaan inni jalqabaas eebbawwaniin isa uwwisa.*
7 Isaan deemuu isaanii itti fufu, jabinni isaanii garuu hin laafu;+
Tokkoon tokkoon isaaniis Xiyoon keessatti Waaqayyo duratti dhihaatu.
8 Yaa Yihowaa Waaqa Raayyaa, kadhannaa koo dhagaʼi;
Yaa Waaqa Yaaqoob, dhagaʼi. (Seelaa)
10 Guyyaa kuma bakka kan biraa jiraachuu irra guyyuma tokko mooraa kee keessa ooluu wayya!+
Dunkaanota hamminaa keessa jiraachuu mannaa
Gubanii balbala mana Waaqa kootii bira dhaabbachuun filadha.
Yihowaan warra amanamummaadhaan deddeebiʼan,
Wanta gaarii tokko iyyuu hin dhowwatu.+
12 Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa,
Namni sitti amanamu gammadaa dha.+
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Faarfannaa.
85 Yaa Yihowaa, biyya keetti gaarummaa argisiisteetta;+
Ijoollee Yaaqoob warra boojuudhaan fudhatamanii turan deebisteetta.+
3 Aarii kee hundumaa toʼatteetta;
Dheekkamsa kee isa bobaʼu irraas deebiteetta.+
5 Bara baraaf akka malee nutti aartaa?+
Dheekkamsi kee hoo dhalootaa hamma dhalootaatti akka itti fufu ni gootaa?
6 Sabni kee akka sitti gammaduuf,
Deebistee nu hin bayyanachiistuu?+
7 Yaa Yihowaa, jaalala kee isa amanamaa nutti argisiisi,+
Fayyinas nuuf kenni.
8 Inni saba isaa warra isaaf amanamoo taʼanitti nagaa waan dubbatuuf,+
Ani wanta Yihowaan inni Waaqa dhugaa taʼe jedhu nan dhagaʼa;
Garuu isaan akka malee ofitti amanamuutti hin deebiʼin.+
9 Ulfinni isaa biyya keenya keessa akka buufatuuf,
Fayyisuun isaa warra isa sodaatanitti dhugumaan dhihoo dha.+
10 Jaalalli amanamaanii fi amanamummaan wal argatu;
Qajeelummaa fi nagaan wal dhungatu.+
11 Amanamummaan lafa keessaa ni biqila,
Qajeelummaanis samiiwwan irraa gad ni ilaala.+
13 Qajeelummaan isa dura ni deema,+
Adeemsa isaatiifis daandii ni qopheessa.
Kadhannaa Daawit.
2 Amanamaa waanan taʼeef, lubbuu koo eegi.+
Waaqa koo waan taateef,
Ana tajaajilaa kee isa sitti amanamu oolchi.+
5 Yaa Yihowaa, ati gaarii dha,+ dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha;+
Warra si waammatan hundumaatti jaalala amanamaa hedduu ni argisiista.+
6 Yaa Yihowaa, kadhannaa koo dhaggeeffadhu;
Kadhata ani gargaarsa argachuuf dhiheessus xiyyeeffannaadhaan dhagaʼi.+
8 Yaa Yihowaa, waaqolii gidduudhaa kan akka keetii hin jiru,+
Hojiin kan akka hojii keetiis hin jiru.+
9 Yaa Yihowaa, saboonni ati tolchite hundi,
Dhufanii si duratti ni sagadu,+
Maqaa keetiifis ulfina ni kennu.+
10 Sababiin isaas, ati guddaa dha, wantoota dinqisiisoo taʼanis ni raawwatta;+
Ati Waaqa dha, si malee kan biraan hin jiru.+
11 Yaa Yihowaa, waaʼee daandii keetii na barsiisi.+
Anis dhugaa kee keessa nan deddeebiʼa.+
Maqaa kee akkan sodaadhuuf, garaa koo tokko naaf godhi.*+
12 Yaa Waaqa koo Yihowaa, garaa koo guutuudhaan sin jajadha,+
Maqaa keetiifis bara baraaf ulfina nan kenna;
13 Sababiin isaas, jaalalli amanamaan ati natti argisiiste guddaa dha,
14 Yaa Waaqayyo, namoonni of tuulan ana irratti kaʼu;+
Tuutni namoota gara jabeeyyii lubbuu koo balleessuu barbaada,*
15 Ati garuu yaa Yihowaa, Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa* taʼe,
Aariidhaaf suuta kan jettu, jaalalli kee inni amanamaanii fi amanamummaan* kee baayʼee kan taʼe dha.+
16 Gara kootti garagali, gaarummaas natti argisiisi.+
Tajaajilaa keetiif jabina kee kenni,+
Ilma garbittii teetiis oolchi.
17 Warri na jibban isa arganii akka qaanaʼaniif,
Mallattoo* gaarummaa keetii natti argisiisi.
Sababiin isaas, yaa Yihowaa, ati isa na gargaaruu fi na jajjabeessu dha.
Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Faarfannaa.
87 Buʼuurri magaalaa isaa gaarota qulqulluu keessa jira.+
2 Yihowaan dunkaanota Yaaqoob hundumaa caalaa
Karrawwan Xiyoon jaallata.+
3 Yaa magaalaa Waaqa dhugaa, waaʼee kee wantoonni dinqisiisoon dubbatamaa jiru.+ (Seelaa)
4 Rahaabii+ fi Baabiloniin warra na beekan* gidduutti nan lakkaaʼa;
Filisxeemii fi Xiiros Kuushii wajjin kunoo as jiru.
“Inni kun achitti kan dhalate dha” ni jedhama.
5 Waaʼee Xiyoonis,
“Tokkoon tokkoon isaanii kan dhalatan ishii keessatti dha” ni jedhama.
Inni Hundaa Oliis cimsee ishii ni dhaaba.
6 Yihowaan yommuu namoota galmeessu,
“Inni kun achitti kan dhalate dha” jedhee ni labsa. (Seelaa)
Faarfannaa. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Geggeessaa muuziqaatiif; akkaataa Mahaalaatiin,* wal harkaa fuudhuudhaan kan faarfatamu. Maaskiilii* Hemaan+ Izraahichaa.
2 Kadhannaan koo gara kee haa dhufu,+
Gurra kee gara iyya ani gargaarsa argachuuf dhageessisutti qabi.*+
4 Ani warra gara boollaatti* gad buʼan gidduutti lakkaaʼameera;+
5 Akka reeffa awwaala keessa ciisuutti
Nama warra duʼan gidduutti dhiifame,
Nama ati yaadachuu dhiiste,
Nama kunuunsa* kee irraa addaan cites taʼeera.
6 Boolla isa jalaa keessa,
Iddoowwan dukkanaa keessa, qilee guddaa keessas na keesseetta.
7 Dheekkamsi kee baayʼee natti ulfaateera,+
Dambalii kee isa caccabsuunis akkan liqimfamu gooteetta. (Seelaa)
8 Michoota koo na irraa fageessitee ariiteetta;+
Isaan duratti wanta jibbisiisaa akkan taʼu gooteetta.
Ani kiyyoodhaan qabameera, miliquus hin dandaʼu.
9 Rakkina kootiin kan kaʼe ijji koo dadhabeera.+
Yaa Yihowaa, guyyaa guutuu sin waammadha;+
Harka koo gara keetti nan diriirsa.
10 Warra duʼaniif wantoota dinqisiisoo ni raawwattaa?
Warri duʼaan moʼaman kaʼanii si jajachuu ni dandaʼuu?+ (Seelaa)
11 Jaalalli kee inni amanamaan awwaala keessatti,
Amanamummaan kees iddoo badiisaa* keessatti ni labsamaa?
12 Dinqiin kee dukkana keessatti
Yookiin qajeelummaan kee biyya warra irraanfatamanii keessatti ni beekamaa?+
13 Yaa Yihowaa, ani garuu amma iyyuu gargaarsa argachuuf gara keetti nan iyyadha,+
Ganama ganamas kadhannaan koo si duratti ni dhihaata.+
14 Yaa Yihowaa, maaliif na* dhiista?+
Fuula kee hoo maaliif na jalaa dhoksita?+
15 Ani ijoollummaa kootii jalqabee
Nama cunqurfamee fi baduu jala gaʼe taʼeera;+
Wantoota sodaachisoo akka na irra gaʼan heyyamteen kan kaʼes hadoodeera.
16 Dheekkamsi kee inni bobaʼaan na liqimseera;+
Naasuun si biraa dhufus na balleesseera.
17 Isaan guyyaa guutuu akkuma bishaanotaatti na marsaniiru;
Kallattii hundumaatiinis* na irratti cufaniiru.
18 Michoota koo fi hiriyoota koo na irraa fageessitee ariiteetta;+
Dukkannis michuu koo taʼeera.
Maaskiil.* Faarfannaa Eetaan+ Izraahichaa.
89 Waaʼee karaawwan Yihowaan jaalala amanamaa itti argisiisee bara baraaf nan faarfadha.
Afaan kootiinis dhaloota hundumaatti amanamummaa kee nan beeksisa.
2 Sababiin isaas ani, “Jaalalli amanamaan bara baraaf ni ijaarama,*+
Atis samiiwwan keessatti amanamummaa kee cimsitee dhaabdeetta” jedheera.
4 ‘Sanyii kee+ bara baraaf cimsee nan dhaaba,
Teessoo kees dhaloota hundumaatiif nan ijaara.’”+ (Seelaa)
5 Yaa Yihowaa, samiiwwan dinqiiwwan kee,
Eeyyee, gumii qulqullootaa keessattis amanamummaa kee ni jajatu.
6 Samiiwwan keessatti Yihowaa wajjin wal gituu kan dandaʼu eenyu?+
Ilmaan Waaqayyoo keessaa hoo+ kan akka Yihowaa eenyu?
7 Waaqayyo yaaʼii qulqullootaa keessatti sodaatamaa dha;+
Inni warra naannoo isaatti argaman hundumaa biratti guddaa fi sodaachisaa dha.+
8 Yaa Yihowaa Waaqa Raayyaa,
Yaa Yaah, akka kee jabaa kan taʼe eenyu?+
Amanamummaan kee sitti marseera.+
10 Ati akkuma nama ajjeefameetti+ Rahaabiin caccabsiteetta.+
Irree kee isa jabaadhaanis diinota kee bittinneessiteetta.+
11 Samiiwwan kan kee ti, laftis kan kee ti;+
Lafa oomisha kennituu fi wanta ishii irra guute+ situ hundeesse.
14 Qajeelummaa fi haqni hundee teessoo keetii ti;+
Jaalalli amanamaanii fi amanamummaan si dura dhaabbatu.+
15 Sabni ililchuu beeku gammadaa dha.+
Yaa Yihowaa, isaan ifa fuula keetiitiin ni deddeebiʼu.
16 Guyyaa guutuu maqaa keetti ni gammadu,
Qajeelummaa keetiinis ol ni qabamu.
17 Sababiin isaas, ati ulfina jabina isaanii ti,+
Si biratti fudhatama argachuu keenyaanis jabinni* keenya ni dabala.+
18 Gaachanni keenya Yihowaa biraa,
Mootiin keenyas Isa Qulqulluu kan Israaʼel biraa dhufa.+
19 Yeroo sanatti akkana jettee warra siif amanamoo taʼanitti mulʼataan dubbatte:
21 Harki koo isa ni deggera,+
Irreen koos isa ni jabeessa.
22 Diinni kam iyyuu gibira isa hin gaafatu,
Namni jalʼaa taʼe kam iyyuus isa hin cunqursu.+
24 Amanamummaan koo fi jaalalli koo inni amanamaan isaa wajjin jiru,+
Maqaa kootiinis jabinni* isaa ni dabala.
26 Inni, ‘Ati Abbaa koo,
Waaqa koo fi Qarsaa fayyinaa koo ti’+ jedhee na waammata.
28 Bara baraaf jaalala koo isa amanamaa isatti nan argisiisa,+
Kakuun isaa wajjin gales matumaa hin diigamu.+
29 Sanyii isaa bara baraaf jabeessee nan dhaaba,
Teessoon isaas akkuma samiiwwaniitti jabaatee akka dhaabbatu nan godha.+
30 Ilmaan isaa seera koo yoo dhiisan,
Akka labsiiwwan* koottis yoo deddeebiʼuu baatan,
31 Dambiiwwan koo yoo cabsan,
Ajajawwan koos yoo eeguu baatan,
32 Ajajamuu diduu* isaaniitiif uleedhaan isaan nan adaba,+
Dogoggora isaaniitiifis isaan nan garafa.
33 Taʼus, jaalala amanamaa ani isaaf qabu matumaa hin dhiisu,+
Waadaa koos utuun hin raawwatin hin dhiisu.*
35 Siʼa tokkicha yeroo hundumaatiif, qulqullummaa kootiin kakadheera;
Daawititti soba hin dubbadhu.+
36 Sanyiin isaa bara baraaf jabaatee dhaabbata;+
Teessoon isaas akkuma aduu na duratti jabaatee dhaabbata.+
37 Akkuma addeessa ishii samii keessatti ragaa baatuu amanamtuu taate sanaatti,
Teessoon isaas bara baraaf jabaatee dhaabbata.” (Seelaa)
38 Haa taʼu malee, atumti isa gatteetta, isa dhiisteettas;+
Isa dibdetti baayʼee aarteetta.
39 Kakuu tajaajilaa kee wajjin galte tuffatteetta;
Gonfoo isaas lafatti gattee xureessiteetta.
40 Dallaawwan* dhagaa isaa hundumaa diigdeetta;
Dahoowwan isaas jigsiteetta.
41 Warri achiin darban hundi isa saamaniiru;
Inni olloota isaa biratti kan arrabsamu taʼeera.+
42 Hamajaajonni isaa injifannoo akka argatan gooteetta;*+
Diinonni isaa hundis akka gammadan gooteetta.
43 Goraadeen isaa duubatti akka deebiʼu,
Innis dirree waraanaa irratti akka moʼamu gooteetta.
44 Simboon isaa akka badu gooteetta,
Teessoo isaas lafatti darbatteetta.
45 Bara dargaggummaa isaa gabaabsiteetta;
Salphinas isatti uwwisteetta. (Seelaa)
46 Yaa Yihowaa, hamma yoomiitti of dhoksita? Bara baraafii?+
Dheekkamsi kee akkuma ibiddaatti bobaʼuu isaa ittuma fufaa?
47 Umuriin koo hammam gabaabaa akka taʼe yaadadhu!+
Ati ilmaan namootaa hunda kaayyoo malee uumtee?
48 Namni matumaa utuu duʼa hin argin jiraachuu dandaʼu kan akkamii ti?+
Inni humna Awwaalaa* jalaa of* oolchuu ni dandaʼaa? (Seelaa)
49 Yaa Yihowaa, gochawwan kee warri bara durii jaalala kee isa amanamaadhaan raawwatte,
Warri amanamummaa keetiin Daawitiif kakatte sun eessa jiru?+
50 Yaa Yihowaa, qoosaa tajaajiltoota kee irratti darbatame,
Anis qoosaa namoota hundumaa akkamitti baachuuf* akkan dirqame yaadadhu;
51 Yaa Yihowaa, diinonni kee akkamitti arrabsoo akka darbatan,
Tokkoon tokkoon tarkaanfii isa ati dibde sanaas akkamitti akka arrabsan yaadadhu.
52 Yihowaan bara baraaf haa jajamu. Ameen, Ameen.+
KITAABA ARFAFFAA
(Faarfannaa 90-106)
Kadhannaa Musee isa nama Waaqa dhugaa taʼe sanaa.+
90 Yaa Yihowaa, dhaloota hundumaa keessatti bakka jireenyaa+ keenya* taateetta.
2 Gaaronni dhalachuu isaanii dura
Yookiin lafaa fi lafa oomisha kennitu uumuu*+ kee dura,
Bara baraa hamma bara baraatti ati Waaqa dha.+
3 Namni duʼu gara biyyootti akka deebiʼu ni goota;
Ati, “Isin ilmaan namootaa deebiʼaa”+ jetta.
4 Waggaan kumni ija kee duratti akkuma guyyaa kaleessa darbee,+
Akkuma kutaa halkanii keessaa isa tokkoo ti.
5 Ati haxooftee isaan balleessita;+ isaanis akkuma abjuutti ni badu;
Isaan ganama akkuma marga biqilee ti.+
6 Margichi ganama ni daraara, ni lalisas,
Galgala garuu ni coolliga, ni gogas.+
7 Sababiin isaas, nuti dheekkamsa keetiin nyaatamneerra,+
Aarii keetiinis jeeqamneerra.
9 Dheekkamsa kee isa guddaadhaan kan kaʼe guyyoonni keenya ni dhumu;*
Waggoonni keenyas akkuma asaasaatti* ni badu.
Taʼus rakkinaa fi gaddaan kan guutame dha;
Inni dafee sokka, nutis barrisnee darbina.+
11 Namni humna dheekkamsa keetii hubachuu dandaʼu eenyu?
Aariin kee inni cimaan hammuma ati sodaatamuu qabdu guddaa dha.+
12 Garaa ogeessa taʼe akka qabaannuuf,
Umurii keenya akkamitti akka lakkoofnu nu barsiisi.+
13 Yaa Yihowaa, deebiʼi!+ Kun hamma yoomiitti itti fufa?+
Tajaajiltoota keetiif garaa laafi.+
14 Umurii keenya hundumaatti akka ililchinuu fi akka gammannuuf,+
Ganama jaalala kee isa amanamaadhaan nu quubsi.+
15 Hammuma bara nu cunqursiteetti,+
Hammuma waggoota hedduu rakkina itti argineettis+ nu gammachiisi.
16 Tajaajiltoonni kee gocha kee,
Ilmaan isaaniis simboo kee haa argan.+
17 Gaarummaan Waaqa keenya Yihowaa nu irra haa taʼu;
Hojii harka keenyaa nuuf eebbisi.*
Eeyyee, hojii harka keenyaa nuuf eebbisi.*+
2 Ani Yihowaadhaan, “Ati iddoon kooluu itti galuu fi dahoo koo,+
Waaqa koo isan itti amanamu dha”+ nan jedha.
3 Sababiin isaas, inni kiyyoo isa simbira qabatu sanaa jalaa,
Golfaa badiisa guddaa fidu irraas si oolcha.
Amanamummaan isaa+ gaachana guddaa+ fi dallaa eegumsaa siif taʼa.
5 Atis naasuu halkanii,+
Xiyya guyyaa balaliʼu,+
6 Golfaa dukkana keessa deemu,
Badiisa guyyaa saafaatti balleessus hin sodaattu.
7 Kumni si cinaatti,
Kumni kudhanis karaa harka mirgaa keetiin ni kufu,
Taʼus inni gara keetti hin dhihaatu.+
8 Ati hamoonni yommuu adabaman* ni ilaalta,
Ijuma keetiin qofa ni argita.
9 Sababiin isaas ati, “Yihowaan iddoon kooluu itti galu dha” jetteetta,
Isa Hundaa Oliis iddoo jireenyaa kee* godhatteetta;+
10 Balaan si irra hin gaʼu,+
Dhaʼichis dunkaana keetti hin dhihaatu.
13 Leencaa fi marʼataa irra ni ejjetta;
Leenca saafelaa fi bofa guddaa faana kee jalatti ni dhidhiitta.+
14 Waaqayyo akkana jedheera: “Waan na jaallateef,* isa nan oolcha.+
Maqaa koo waan beekeefis* isa nan eega.+
15 Inni na waammata, anis deebii isaaf nan kenna.+
Yeroo dhiphinaatti isaa wajjin nan taʼa.+
Isa nan oolcha, ulfinas isaaf nan kenna.
Faarfannaa. Faarfannaa guyyaa Sanbataa.
92 Yihowaadhaaf galata galchuun gaarii dha,+
Yaa Isa Hundaa Olii, maqaa keetiif faarfannaa galataa faarfachuun,*
2 Ganama jaalala kee isa amanamaa,
Halkanis amanamummaa kee labsuun,+
3 Meeshaa muuziqaa ribuu kudhan qabuu fi meeshaa muuziqaa ribuu sadii qabuun,
Sagalee baganaa namatti toluunis+ faarfachuun gaarii dha.
4 Yaa Yihowaa, gochawwan keetiin kan kaʼe na gammachiisteetta;
Hojiiwwan harka keetiitiin kan kaʼes nan ililcha.
5 Yaa Yihowaa, hojiin kee akkam guddaa dha!+
Yaanni kee akkam gad fagoo dha!+
6 Namni hubannaa hin qabne isa beekuu hin dandaʼu;
Namni gowwaanis kana hubachuu hin dandaʼu:+
7 Hamoonni akka aramaatti* kan biqilan,
Warri balleessaa raawwatanis kan lalisan taʼus,
Bara baraaf ni balleeffamu.+
8 Yaa Yihowaa, ati garuu bara baraaf kan ol qabamte dha.
9 Yaa Yihowaa, miira injifannootiin gara diinota kee ilaali,
Diinonni kee akkamitti akka badan ilaali;
Warri balleessaa raawwatan hundi ni bittinnaaʼu.+
10 Ati garuu jabina* koo akkuma kan gafarsaatti ol ni qabda;
Anis zayitii haaraadhaan gogaa koo nan laaffisa.+
11 Ijji koo miira injifannootiin gara diinota koo ni ilaala;+
Gurri koos waaʼee kufaatii namoota hamoo warra na haleelanii ni dhagaʼa.
13 Isaan mana Yihowaa keessa dhaabamaniiru;
Mooraawwan Waaqa keenyaa keessattis ni lalisu.+
14 Bara dullumaatti* illee ni dagaagu;+
Akkuma jabaatanitti,* akkuma lalisanittis itti fufu,+
15 Isaan Yihowaan qajeelaa taʼuu isaa ni labsu.
Inni Qarsaa koo+ isa jalʼinni keessatti hin argamne dha.
93 Yihowaan Mootii taʼeera!+
Inni simboo uffateera;
Yihowaan jabina uffateera;
Akka qabattootti isa hidhateera.
3 Yaa Yihowaa, lageen yaaʼaniiru,
Lageen yaaʼaniiru, baayʼee huursaniirus;
Lageen ni yaaʼu, ni dhaʼatus.
4 Sagalee bishaanota hedduu caalaa,
Dambalii galaanaa caccabsu caalaas,+
Yihowaan ol gubbaatti ulfina qabeessa dha.+
5 Yaadachiisawwan kee baayʼee amansiisoo dha.+
Yaa Yihowaa, qulqullummaan yeroo hundumaa mana kee ni miidhagsa.*+
94 Waaqa haaloo baʼu kan taate yaa Yihowaa,+
Ati Waaqni haaloo baatu, ifa kee ibsi!
2 Yaa Abbaa Murtii lafaa, kaʼi.+
Warra of tuulaniif wanta isaaniif malu deebisi.+
3 Yaa Yihowaa, hamoonni hamma yoomiitti,
Hamma yoomiitti gammaduu isaanii itti fufu?+
4 Isaan utuu itti hin yaadin of tuulummaadhaan dubbatu;
Warri balleessaa raawwatan hundi of jaju.
5 Yaa Yihowaa, isaan saba kee ni caccabsu,+
Dhaala kees ni cunqursu.
6 Dubartii abbaan manaa irraa du’ee fi nama biyya ormaa,
Akkasumas mucaa abbaa hin qabne ni ajjeesu.
8 Isin warri hubannaa hin qabne kana hubadhaa;
Isin gowwoonni, hubannaa akka qabdan kan argisiistan yoomi?+
9 Inni gurra tolche* dhagaʼuu hin dandaʼuu?
Inni ija tolche arguu hin dandaʼuu?+
10 Inni sabootaaf sirreeffama kennu, adabuu hin dandaʼuu?+
Sabootaaf beekumsa kan kennu isa dha!+
11 Yihowaan yaada namootaa,
Isaan hafuuruma qofa taʼuu isaanii beeka.+
12 Yaa Yaah, namni ati sirreessitu,+
Namni ati seera kee barsiistu gammadaa dha;+
13 Kunis hamma isa hamaadhaaf boolli qotamutti+
Guyyaa rakkinaatti tasgabbii isaaf kennuuf jecha dha.
15 Murtiin ammas deebiʼee qajeelaa ni taʼa,
Warri garaa qajeelaa qaban hundis isa ni hordofu.
16 Eenyutu hamoota irratti naaf kaʼa?
Eenyutu warra balleessaa raawwatan falmuudhaan naaf dhaabbata?
20 Teessoon* badii utuma maqaa seeraatiin* rakkina qopheessuu,+
Sii wajjin tokkummaa qabaachuu dandaʼaa?
22 Yihowaan garuu, iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu* naaf taʼa,
Waaqni koo qarsaa ani kooluu itti galu dha.+
23 Inni gochi hamminaa isaanii isaanuma irratti akka deebiʼu godha.+
Hamminuma isaaniitiin isaan balleessa.*
Waaqni keenya Yihowaan isaan ni balleessa.*+
95 Kottaa, Yihowaadhaaf haa ililchinu!
Qarsaa fayyinaa keenyaaf miira injifannootiin haa ililchinu.+
2 Galataa wajjin isa* duratti haa dhihaannu;+
Isaaf haa faarfannu, miira injifannootiinis isaaf haa ililchinu.
3 Sababiin isaas, Yihowaan Waaqa guddaa dha,
Waaqolii kan biroo hundumaa irrattis Mootii guddaa dha.+
4 Gad fageenyi lafaa harka isaa keessa jira;
Fiixeewwan gaarotaas kan isaa ti.+
6 Kottaa, haa waaqeffannu, haa sagadnus;
Yihowaa isa nu tolche duratti haa jilbeenfannu.+
Harʼa sagalee isaa yoo dhageessan,+
8 Akkuma Mariibaatti* taʼetti,+
Akkuma lafa onaa keessatti guyyaa Maasaatti* taʼettis+ garaa keessan didaa hin godhinaa;
9 Yeroo sanatti abbootiin keessan na qoraniiru;+
Hojiiwwan koo kan argan taʼus, na shakkaniiru.+
10 Anis waggaa 40f dhaloota sana jibbee akkana nan jedhe:
“Isaan saba yeroo hundumaa garaan isaa karaa irraa goru dha;
Daandiiwwan koos hin beekne.”
11 Kanaan kan kaʼes, dheekkamsa kootiin,
“Isaan gara boqonnaa kootti hin galan”+ jedheen kakadhe.
96 Yihowaadhaaf faarfannaa haaraa faarfadhaa.+
Guutummaan lafaa, Yihowaa faarfadhaa!+
2 Yihowaa faarfadhaa; maqaa isaa jajadhaa.
Guyyaa guyyaadhaan misiraachoo fayyisuu isaa labsaa.+
3 Ulfina isaa saboota gidduutti,
Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoos namoota hundumaa gidduutti lallabaa.+
4 Yihowaan guddaa fi hunda caalaa jajamuun kan isaaf malu dha.
Inni waaqolii kaan hundumaa caalaa kan sodaatamu dha.
7 Isin maatiiwwan sabootaa, Yihowaadhaaf wanta isaaf malu kennaa,
Ulfinaa fi jabina isaatiif wanta isaaf malu Yihowaadhaaf kennaa.+
8 Ulfina maqaa isaatiif malu Yihowaadhaaf kennaa;+
Kennaa fidaatii gara mooraawwan isaatti seenaa.
10 Akkana jedhaatii saboota gidduutti labsaa: “Yihowaan Mootii taʼeera!+
Lafti* jabaattee hundeeffamteetti, iddoo ishiitii sochoʼuu* hin dandeessu.
Inni sabootaaf karaa sirrii taʼeen murtii kenna.”*+
11 Samiin haa gammadu, laftis haa ililchitu;
Galaannii fi wantoonni achi keessa guutan hundi haa kakawweessaʼan;+
12 Dirreewwanii fi wantoonni isaan irratti argaman hundi haa gammadan.+
Mukeetiin bosonaa hundis haa ililchan,+
13 Inni waan dhufuuf* Yihowaa duratti haa ililchan,
Inni lafatti murteessuuf ni dhufa.
97 Yihowaan Mootii taʼeera!+
Lafti haa gammaddu.+
Odolawwan hedduun haa ililchan.+
2 Duumessii fi duumessi gurraachi isatti marsanii jiru;+
Buʼuurri teessoo isaa qajeelummaa fi haqa dha.+
4 Ifni bakakkaa isaa lafti akka iftu godha;
Lafti kana argitee ni hollatti.+
5 Gaaronni Yihowaa duratti,
Gooftaa guutummaa lafaa duratti akkuma gagaa ni baqu.+
6 Samiiwwan qajeelummaa isaa ni labsu,
Namoonni hundis ulfina isaa ni argu.+
7 Warri fakkiiwwan bocaman akkamii iyyuu tajaajilan,+
Warri waaqolii isaanii warra gatii hin qabneen boonan haa qaaneffaman.+
Isin waaqoliin hundi, isaaf sagadaa.*+
8 Xiyoon kana dhageessee ni gammaddi;+
Yaa Yihowaa, murtiiwwan keetiin kan kaʼe
9 Yaa Yihowaa, ati guutummaa lafaa irratti Hundaa Oli;
Waaqolii kaan hundumaa caalaa baayʼee ol qabamteetta.+
10 Isin warri Yihowaa jaallattan, wanta hamaa jibbaa.+
11 Ifni isa qajeelaadhaaf,
Gammachuunis warra garaan isaanii qajeelaa taʼeef ni baʼe.+
12 Isin qajeelonni Yihowaatti gammadaa,
Maqaa* isaa isa qulqulluudhaafis galata galchaa.
Faarfannaa.
Harki isaa inni mirgaa, irreen isaa inni qulqulluun fayyina argamsiiseera.*+
3 Jaalala amanamaa fi amanamummaa mana Israaʼelitti argisiisuuf waadaa gale yaadateera.+
Guutummaan andaara lafaa fayyina Waaqni keenya fidu* arganiiru.+
4 Guutummaan lafaa, miira injifannootiin Yihowaadhaaf ililchaa.
Gammadaa, ililchaa, faarfannaa galataas faarfadhaa.*+
5 Yihowaadhaaf baganaadhaan faarfannaa galataa faarfadhaa,*
Baganaadhaan, faarfannaa namatti toluunis isaaf faarfadhaa.
6 Malakataa fi sagalee xurumbaatiin+
Yihowaa isa Mootii taʼe duratti miira injifannootiin iyyaa.
7 Galaannii fi wantoonni achi keessa guutan hundi,
Laftii* fi warri ishii irra jiraatanis haa kakawweessaʼan.
8 Lageen harka isaanii walitti haa rukutan;
Gaaronnis waliin haa ililchan.+
9 Inni lafa irratti murtii kennuuf waan dhufuuf* Yihowaa duratti haa ililchan.
99 Yihowaan Mootii taʼeera.+ Saboonni haa romʼan.
Inni kiruubelotaa olitti* teessoo irra taaʼeera.+ Lafti haa raafamtu.
2 Yihowaan Xiyoon keessatti guddaa dha,
Saboota hundumaa irrattis kan ol qabame dha.+
3 Inni sodaachisaa fi qulqulluu waan taʼeef,
Isaan maqaa kee isa guddaa haa jajatan.+
4 Inni mootii jabaa haqa jaallatu dha.+
Ati wanta qajeelaa taʼe cimsitee dhaabdeetta.
Yaaqoob keessatti haqaa fi qajeelummaa argamsiisteetta.+
6 Musee fi Aaron luboota isaa keessaa tokko turan,+
Saamuʼelis warra maqaa isaa waammatan keessaa tokko ture.+
Isaan Yihowaa ni waammatu turan,
Innis isaaniif ni deebisa ture.+
7 Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbata ture.+
Isaanis yaadachiisawwanii fi labsiiwwan inni isaaniif kenne eeganiiru.+
8 Yaa Waaqa keenya Yihowaa, deebii isaaniif kenniteetta.+
Faarfannaa galataa.
100 Guutummaan lafaa, miira injifannootiin Yihowaadhaaf ililchaa.+
2 Gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa.+
Ililchuudhaanis isa duratti dhihaadhaa.
3 Yihowaan Waaqa taʼuu isaa beekaa.*+
Kan nu tolche isa dha, nutis kan isaa ti.*+
Nuti saba isaa ti, hoolota kaloo isaa keessa jirru dhas.+
4 Galata dhiheessuudhaan gara karrawwan isaatti,+
Isa jajachuudhaanis gara mooraawwan isaatti ol seenaa.+
Galata isaaf galchaa; maqaa isaa jajadhaa.+
5 Sababiin isaas, Yihowaan gaarii dha;+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf,
Amanamummaan isaas dhaloota hundumaa keessatti jabaatee dhaabbata.+
Faarfannaa Daawit. Faarfannaa.
101 Waaʼee jaalala amanamaa fi waaʼee haqaa nan faarfadha.
Yaa Yihowaa, ani siif faarfannaa galataa nan faarfadha.*
2 Of eeggannoodhaan, akkasumas balleessaa malee* nan deddeebiʼa.
Ati yoom gara koo dhufta?
Mana koo keessatti garaa qajeelaadhaan nan deddeebiʼa.+
3 Wanta gatii hin qabne akkamii iyyuu ija koo dura hin kaaʼu.
Gochawwan namoota wanta sirrii taʼe irraa goranii nan jibba;+
Isaanii wajjin walitti dhufeenya hin qabu.*
4 Garaa micciiramaan na irraa fagoo dha;
Wanta hamaa taʼe hin fudhadhu.*
Nama ija of jajuu fi garaa of tuulu qabu kam iyyuu,
Ani isaaf hin obsu.
6 Akka isaan naa wajjin jiraataniif,
Gara namoota amanamoo lafa irra jiranii nan ilaala.
Namni balleessaa malee* deddeebiʼu na tajaajila.
7 Namni gowwoomsaa raawwatu mana koo keessa hin jiraatu,
Sobduunis na* dura hin dhaabbatu.
8 Warra balleessaa raawwatan magaalaa Yihowaa keessaa balleessuuf,+
Yeroo hundumaa ganama ganama namoota hamoo lafa irra jiran hundumaa nan callisiisa.*
Kadhannaa namni cunqurfame yeroo abdii kutatettii* fi yeroo yaaddoo isaa Yihowaa duratti dhangalaasetti dhiheesse.+
2 Yeroo dhiphina kootti fuula kee na jalaa hin dhoksin.+
3 Sababiin isaas, guyyoonni koo akka aaraatti darbu,
Lafeewwan koos akka iddoo ibiddaatti gubatanii gurraachaʼaniiru.+
4 Nyaata koo nyaachuu waanan irraanfadheef,
Garaan koo akka margaatti coolligeera, gogeeras.+
6 Allaattii bishaanii lafa onaa keessa jirtu nan fakkaadhe;
Ani akkuma hurunguu xinnoo bakka diigamaa gidduu jirtuu ti.
8 Diinonni koo guyyaa guutuu na arrabsu.+
Warri natti qoosanis* abaarsaaf maqaa kootti fayyadamu.
9 Daaraa akka nyaataatti nan nyaadha,+
Wantin dhugus imimmaaniin makameera,+
10 Kunis kan taʼe dheekkamsaa fi aarii keetiin kan kaʼe dha,
Ati kan ol na kaaste na darbachuuf qofa dha.
13 Yeroon gaarummaa kee ishiitti itti argisiistu amma waan taʼeef,+
Ati dhugumaan kaatee Xiyoonitti gara laafina ni argisiista;+
Yeroon murteeffame sun gaʼeera.+
15 Saboonni maqaa Yihowaa,
Mootonni lafa irraa hundis ulfina kee ni sodaatu.+
19 Inni iddoo ol kaʼaa isaa isa qulqulluu irraa gad ni ilaala,+
Yihowaan samii irraa lafa ni ilaala,
20 Kanas kan godhu, hidhamtoonni yommuu aadan dhagaʼuuf,+
Warra duuti itti murteeffames bilisa baasuufi;+
21 Maqaan Yihowaa Xiyoon keessatti,
Jajamuun isaas Yerusaalem keessatti ni labsama;+
22 Kunis yeroo saboonnii fi mootummoonni
Yihowaa tajaajiluuf walitti qabamanitti taʼa.+
23 Inni jabina koo yeroo isaa malee na irraa fudhateera;
Umurii koo gabaabseera.
24 Anis akkanan jedhe: “Yaa Waaqa koo,
Yaa isa dhalootaa hamma dhalootaatti jiraattuu,
Walakkaa umurii kootti na hin balleessin.+
25 Ati hundee lafaa bara dheeraa dura keesseetta,
Samiiwwanis hojii harka keetii ti.+
26 Isaan ni badu, ati garuu ni jiraatta;
Hundi isaanii akkuma uffataatti ni moofaʼu.
Ati akkuma uffataatti isaan ni jijjiirta, isaanis ni darbu.
27 Ati garuu sanuma, waggoonni kees matumaa dhuma hin qaban.+
28 Ijoolleen tajaajiltoota keetii tasgabbiidhaan jiraatu,
Sanyiin isaaniis jabaatee si dura dhaabbata.”+
Faarfannaa Daawit.
103 Yihowaa nan jajadha;
Guutummaan eenyummaa kootii maqaa isaa isa qulqulluu haa jajatu.
2 Yihowaa nan jajadha;
Wanta inni godhe hundumaas matumaa hin irraanfadhu.+
3 Inni balleessaa kee hundumaa siif dhiisa,+
Dhukkuba kee hundumaas ni fayyisa;+
4 Lubbuu kee boolla* irraa ni oolcha,+
Jaalala isaa isa amanamaa fi gara laafina isaas si gonfachiisa.+
5 Dargaggummaan kee akka kan risaatti akka haaromuuf,+
Umurii kee guutuu wantoota gaggaariidhaan si quubsa.+
7 Inni daandiiwwan isaa Museetti,
Gochawwan isaas ilmaan Israaʼelitti beeksiseera.+
8 Yihowaan araara qabeessaa fi gara laafessa* dha,+
Aariidhaaf suuta kan jedhuu fi jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe dha.+
10 Inni akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin raawwanne,+
Akka balleessaa keenyaattis nuuf hin deebisne.+
11 Sababiin isaas, hammuma samiin lafa irraa ol fagaatu,
Jaalalli isaa inni amanamaan namoota isa sodaatanitti argisiisu guddaa dha.+
13 Akkuma abbaan tokko ijoollee isaatti gara laafina argisiisu,
Yihowaanis warra isa sodaatanitti gara laafina argisiiseera.+
15 Namni duʼu garuu umuriin isaa akkuma kan margaa ti;+
Inni akka abaaboo dirree keessaatti ni daraara.+
16 Yommuu bubbeen bubbisu garuu,
Akkuma waan achi hin turreetti ni bada.*
17 Yihowaan garuu jaalala isaa isa amanamaa
Warra isa sodaatanitti+ bara baraaf* ni argisiisa,
Qajeelummaan isaas ijoollee ijoollee isaaniitiif,+
18 Warra kakuu isaa eeganiif,+
Akkasumas warra ajajawwan isaa of eeggannoodhaan raawwataniif ni taʼa.
19 Yihowaan samii keessatti teessoo isaa cimsee hundeesseera;+
Mootummaan isaas wanta hundumaa irratti bulcha.+
20 Isin maleekonni isaa warri humna guddaa qabdan,
Warri sagalee isaatiif ajajamuudhaan* dubbii isaa raawwattan hundi, Yihowaa jajadhaa.+
22 Hojiiwwan harka isaa kan taatan hundi,
Iddoowwan inni bulchu* hundumaa keessatti Yihowaa jajadhaa.
Guutummaan eenyummaa kootii* Yihowaa haa jajatu.
Yaa Waaqa koo Yihowaa, ati baayʼee guddaa dha.+
Ati ulfinaa fi simboo uffatteetta.+
3 Inni baattuuwwan kutaawwan isaa warra gara olii bishaanota samii keessa jiran irra* ni dhaaba,+
Duumessa, gaarii fardaa isaa ni godhata,+
Qoochoo bubbeetiinis ni deema.+
4 Maleekota isaa hafuurota,
Tajaajiltoota isaas ibidda nyaatu ni godha.+
6 Bishaan gad fagoo akka uffataatti ishiitti uwwisteetta.+
Bishaanonni gaarota gubbaa dhaabbataniiru.
7 Yommuu ati ifattu ni baqatan;+
Sagalee kakawwee keetii yommuu dhagaʼan naasuudhaan ni fiigan,
8 Kanaan kan kaʼes gaaronni ol ni kaʼan,+ sululawwanis gad ni lixan,
Gara iddoo ati isaaniif qopheessitees ni dhaqan.
9 Akka isaan lammata lafa hin uwwisneef,
Daangaa irra darbuu hin qabne isaaniif ni keesse.+
10 Burqaawwan sulula* gidduutti ni erga;
Isaanis gaarota gidduu ni yaaʼu.
11 Isaan bineensota bosonaa hundumaatiif bishaan ni kennu;
Harroonni bosonaas dheebuu ni baʼu.
12 Simbirroonni samii isaan irra qubatu;
Dameewwan mukaa gobbatan gidduudhaas ni faarfatu.
13 Kutaawwan isaa warra gara olii jiran irraa gaarota bishaan ni obaasa.+
Lafti firii hojiiwwan keetiitiin quufteetti.+
14 Inni looniif margi akka biqilu godheera,
Namoonni akka itti fayyadamaniifis biqiltoota kenneera,+
Kanas kan godhe lafa irraa nyaata biqilchuuf,
15 Akkasumas daadhiin wayinii garaa namaa gammachiisu,+
Zayitiin fuula namaa ibsu,
Nyaanni garaan nama duʼuu akka cimu godhu akka jiraatuufi.+
16 Mukeetiin Yihowaa,
Gaattiraawwan Libaanon warri inni dhaabe quufaniiru,
17 Simbirroonni achi irratti manʼee ni ijaarratu.
Manni allaattii awwaannisaa+ mukeetii birbirsaa keessa dha.
19 Inni addeessa kan tolche waqtiilee akka beeksistuufi;
Aduunis yoom akka lixxu akka gaariitti beekti.+
20 Ati dukkana ni fidda, halkanis ni taʼa;+
Yeroo kanatti bineensonni bosonaa hundi asii fi achi ni deemu.
22 Aduun yommuu baatu,
Deebiʼanii holqa isaanii keessa ciisu.
23 Namnis gara hojii isaa dhaqa,
Hamma galgalaattis jabaatee hojjeta.
24 Yaa Yihowaa, hojiiwwan kee akkam baayʼatu!+
Hunda isaanii ogummaadhaan tolchite.+
Lafti wanta ati tolchiteen guutamteetti.
25 Galaannis guddaa fi balʼaa dha,
Uumamawwan guguddaa fi xixinnaan lakkaaʼamuu hin dandeenyes isa keessa guutaniiru.+
26 Achi irra dooniiwwan ni imalu,
Lewaataan*+ inni ati achi keessatti akka taphatuuf uumtes isa keessa ni deema.
27 Waqtii isaatti nyaata isaanii akka isaaniif kennituuf+
Hundi isaanii si eeggatu.
28 Wanta isaanif kennitu walitti ni qabatu.+
Yommuu harka kee bantu, wantoota gaggaariidhaan ni quufu.+
29 Yommuu fuula kee dhoksitu ni jeeqamu.
Hafuura isaanii yoo fudhatte, duʼanii biyyootti deebiʼu.+
30 Hafuura kee yoo ergite, ni uumamu,+
Atis irra lafaa ni haaressita.
31 Ulfinni Yihowaa bara baraaf itti fufa.
Yihowaan hojiiwwan isaatti ni gammada.+
32 Inni gara lafaa ni ilaala, ishiinis ni hollatti;
Gaarota ni tuqa, isaanis aara baasu.+
33 Umurii koo guutuu Yihowaa nan faarfadha;+
Hamman lubbuudhaan jirutti Waaqa kootiif faarfannaa galataa nan faarfadha.*+
34 Wantin yaadu kan isa gammachiisu haa taʼu.*
Ani Yihowaatti nan gammada.
35 Cubbamoonni lafa irraa ni badu;
Hamoonnis kana booda hin jiraatan.+
Yihowaa nan jajadha. Yaahiin jajadhaa!*
105 Yihowaadhaaf galata galchaa,+ maqaa isaa waammadhaa;
Gochawwan isaas saboota gidduutti beeksisaa!+
2 Isa faarfadhaa, faarfannaa galataa isaaf dhiheessaa;*
Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo taʼan hundumaa irratti yaadaa.*+
3 Maqaa isaa isa qulqulluudhaan boonaa.+
Garaan warra Yihowaa barbaaddatanii haa gammadu.+
4 Yihowaa fi jabina isaa barbaaddadhaa.+
Yeroo hunda fuula isaa barbaaddadhaa.
5 Hojiiwwan dinqisiisoo inni raawwate,
Dinqiiwwan isaa fi murtiiwwan inni dabarse yaadadhaa;+
6 Isin warri sanyii tajaajilaa isaa Abrahaam taatan,+
Isin ilmaan Yaaqoob warri isaaf filatamtan+ kana yaadadhaa.
7 Inni Waaqa keenya Yihowaa dha.+
Murtiiwwan isaas guutummaa lafaa irratti ni mulʼatu.+
8 Inni kakuu isaa bara baraaf,
Waadaa gales* dhaloota kumaaf ni yaadata;+
9 Inni kakuu Abrahaamii wajjin gale,+
Kakaa Yisihaaqiif kakates ni yaadata;+
10 Isa Yaaqoobiif labsii godhee,
Israaʼeliifis kakuu dhaabbataa godhee hundeesse ni yaadata;
11 Inni, “Ani biyya Kanaʼaan
Dhaala siif ramadame godhee siif nan kenna” jedheera.+
12 Kanas kan dubbate yeroo lakkoofsi isaanii xinnoo turetti,+
Eeyyee, yeroo baayʼee xinnoo turettii fi yeroo isaan biyyattii keessatti namoota biyya ormaa turanitti dha.+
13 Isaan saba tokko irraa gara saba kaaniitti,
Mootummaa tokko irraas gara uummata kaaniitti jooran.+
14 Inni namni kam iyyuu akka isaan cunqursu hin heyyamne;+
Kanaa mannaa, isaaniif jedhee mootota ni akeekkachiise;+
15 “Warra ani dibe hin tuqinaa;
Raajota koo irrattis wanta hamaa tokko illee hin raawwatinaa” jedhe.+
17 Nama tokko isaan dura ni erge,
Innis Yoseef isa garbicha akka taʼuuf gurgurame sana dha.+
18 Isaanis miila isaa hidhaa sibiilaatiin hidhan,*+
Morma isaas sibiila gidduu galchan;*
19 Hamma yeroon dubbiin isaa itti raawwatamu gaʼutti,+
Wanti Yihowaan dubbate isa qulqulleesse.
20 Isa hiiksisuuf mootiin dhaamsa ni erge,+
Bulchaan uummataa bilisa isa baase.
21 Innis mana isaa irratti gooftaa,
Qabeenya isaa hundumaa irrattis bulchaa isa godhe.+
22 Kunis kan taʼe, akkuma barbaadetti* bulchitoota isaa irratti aangoo akka qabaatuuf,*
Maanguddoota isaas ogummaa akka barsiisuufi.+
23 Achiis Israaʼel gara Gibxii ni dhufe,+
Yaaqoobis nama biyya ormaa taʼee biyya Kaam keessa jiraate.
24 Waaqayyo sabni isaa baayʼee akka horan godhe;+
Diinota isaanii caalaas jajjaboo akka taʼan godhe;+
25 Tajaajiltoota isaa irratti mala akka qopheessaniif,
Garaan diinota isaanii jijjiiramee saba isaa akka jibbu godhe.+
26 Inni tajaajilaa isaa Musee,
Aaron isa filate sanas ni erge.+
27 Isaanis mallattoowwan isaa isaan gidduutti,
Dinqiiwwan isaas biyya Kaam keessatti ni raawwatan.+
28 Inni dukkana ni erge, biyyattiinis ni dukkanoofte;+
Isaan dubbii isaa irratti hin fincille.
29 Bishaan isaanii gara dhiigaatti jijjiiree
Qurxummiiwwan isaanii ajjeese.+
30 Kutaawwan mana mootii illee dabalatee
Biyyi isaanii raachaan ni guutamte.+
31 Akka isaan weeraraniif qarxaasaawwan,
Naannoowwan isaanii hundumaa keessattis bookeewwan ni erge.+
33 Mukeetii wayinii fi mukeetii harbuu isaanii ni rukute,
Mukeetii naannoo isaanii keessa jiranis ni caccabse.
34 Awwaannisni, awwaannisni xixinnoon lakkoofsa hin qabnes,
Akka isaan weeraran ajaje.+
35 Isaanis biqiltoota biyyattii keessatti argaman hundumaa,
Oomisha lafattiis nyaatanii fixan.
36 Achiis angafoota biyya isaanii keessa jiran,
Warra firii jalqaba jabina isaanii taʼan hundumaa ni rukute.+
37 Sabni isaa meetii fi warqii fudhatanii akka baʼan godhe;+
Gosoota isaanii keessaa kan gufate tokko illee hin turre.
38 Warri Gibxii akka malee Israaʼelota* sodaatanii waan turaniif,+
Yommuu isaan baʼan baayʼee gammadan.
40 Yommuu isaan foon gaafatan, dimbiriqqee* isaaniif kenne;+
Samii irraa nyaata isaaniif kennuudhaanis isaan quubsa ture.+
42 Kanas kan godhe, waadaa qulqulluu isa tajaajilaa isaa Abrahaamiif gale sana waan yaadateefi.+
43 Kanaafuu, sabni isaa gammachuudhaan,
Warri isaaf filatamanis ililchuudhaan akka baʼan godhe.+
44 Biyya sabootaa isaaniif ni kenne;+
Isaanis wanta namoonni kaan itti dadhabanii oomishan ni dhaalan;+
45 Kanas kan godhe heerawwan isaa akka eeganiif,+
Seerawwan isaatiifis akka ajajamaniif ture.
Yaahiin jajadhaa!*
106 Yaahiin jajadhaa!*
Inni gaarii+ waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa;
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.+
2 Gochawwan Yihowaa warra jajjaboo guutummaatti labsuu
Yookiin hojiiwwan isaa warra jajamuu qaban hundumaa lallabuu kan dandaʼu eenyu?+
3 Warri haqaan tarkaanfii fudhatan,
Warri yeroo hunda wanta sirrii taʼe raawwatan+ gammadoo dha.
4 Yaa Yihowaa, yommuu saba keetti gaarummaa* argisiistu na yaadadhu.+
Gochawwan fayyinaa keetiinis kunuunsa naaf godhi;
5 Kunis gaarummaa ati warra siif filatamaniif+ raawwattu akkan dhandhamuuf,
Saba kee wajjin akkan gammaduuf,
Dhaala kee wajjin si jajachuudhaanis akkan siin boonuufi.
6 Nuti akkuma abbootii keenyaa cubbuu hojjenneerra;+
Dogoggora raawwanneerra; hamminaanis deddeebineerra.+
7 Abbootiin keenya yeroo Gibxii keessa turanitti hojiiwwan kee warra dinqisiisoo hin hubanne.*
Jaalala kee isa amanamaa isa hedduu taʼe hin yaadanne;
Kanaa mannaa galaanicha, jechuunis Galaana Diimaa biratti fincila kaasan.+
9 Galaana Diimaa ni ifate; galaanichis ni goge;
Akkuma waan gammoojjii* keessa deemaniitti gad fageenya galaanichaa keessa isaan geggeesse;+
10 Harka diina isaanii jalaa isaan oolche,+
Harka hamajaajii jalaas isaan fure.+
13 Taʼus wanta inni raawwate yeruma sana irraanfatan;+
Gorsa isaas obsaan hin eegganne.
14 Lafa onaa keessatti fedhii ofittummaa isaaniitiif ni moʼaman;+
Gammoojjii keessatti Waaqayyoon ni qoran.+
15 Innis wanta isaan gaafatan isaaniif ni kenne,
17 Achiis lafti banamtee Daataaniin liqimsite,
Warra Abiraamii wajjin walitti qabaman irrattis ni deebite.+
18 Garee isaanii gidduutti ibiddi ni bobaʼe;
Laboobnis warra hamoo sana ni nyaate.+
19 Isaan Horeeb keessatti jabbii tolchan,
Siidaa sibiilaatiifis* ni sagadan;+
20 Ulfina koos
Bifa qotiyyoo marga dheeduutti jijjiiran.+
21 Waaqa isa Fayyisaa isaanii taʼe,
Isa Gibxii keessatti wantoota guguddaa raawwate,+
22 Isa biyya Kaam keessatti hojiiwwan dinqisiisoo,+
Galaana Diimaa birattis gochawwan sodaachisoo raawwate+ ni irraanfatan.
23 Inni haxaaʼee isaan balleessuuf kaʼee ture,
Haa taʼu malee, Museen inni isaaf filatame sun
Dheekkamsi isaa inni badiisa fidu isaan irraa akka goru gochuuf isaaniif ni kadhate.*+
24 Sana booda biyya isaanii ishii bareedduu ni tuffatan;+
Waadaa isaa irrattis amantii hin qaban turan.+
26 Kanaafuu, inni lafa onaa keessatti akka dhuman gochuuf
Waaʼee isaanii harka isaa ol kaasee kakate;+
27 Sanyiiwwan isaanii saboota gidduutti akka dhuman akka godhu,
Biyyoota garaa garaa keessattis akka isaan bittinneessus ni kakate.+
28 Achiis isaan waaqeffannaa Baʼaal+ isa Pheʼor irratti ni hirmaatan,*
Aarsaawwan warra duʼaniif* dhihaatanis ni nyaatan.
30 Taʼus Finahaas kaʼee yommuu tarkaanfii fudhatetti,
Dhaʼichi sun ni dhaabbate.+
31 Kunis dhaloota hundumaa keessatti bara baraaf
Akka qajeelummaatti isaaf ni lakkaaʼame.+
32 Isaan bishaan Mariibaa* biratti isa dheekkamsiisan,
Isaaniin kan kaʼes Musee irra rakkinni ni gaʼe.+
36 Waaqolii tolfamoo isaanii tajaajiluu isaanii itti fufan,+
Waaqoliin kunis kiyyoo isaanitti taʼan.+
37 Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii
Jinniiwwaniif aarsaa godhanii dhiheessu turan.+
38 Dhiiga qulqulluu,
Dhiiga ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii
Warra waaqolii tolfamoo Kanaʼaaniif aarsaa godhan+ sanaa dhangalaasuu isaanii hin dhiisne;+
Biyyattiinis dhiigaan ni faalamte.
39 Isaan hojiiwwan isaaniitiin ni xuraaʼan;
Gochawwan isaaniitiin karaa hafuuraa sagaagalummaa ni raawwatan.+
40 Kanaafuu, dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti ni bobaʼe,
Dhaala isaas ni jibbe.
42 Diinonni isaanii isaan cunqursan,
Isaanis aangoo* isaanii jala galanii turan;
43 Inni yeroo baayʼee isaan ni oolche,+
Isaan garuu ni fincilu, ajajamuu ni didu,+
Balleessaa isaaniitiin kan kaʼes ni salphatu turan.+
44 Inni garuu dhiphina isaanii ni ilaala,+
Iyya isaan gargaarsa argachuuf dhiheessanis ni dhagaʼa ture.+
45 Isaaniif jedhee kakuu isaa ni yaadata,
Jaalala isaa isa amanamaa isa guddaa* taʼeen kakaʼees isaaniif ni gadda ture.*+
46 Warri isaan boojiʼan hundi
Akka isaaniif gaddan ni godha ture.+
47 Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nu oolchi;+
Maqaa kee isa qulqulluudhaaf galata akka galchinuuf,
Akkasumas si jajachuudhaan akka gammannuuf,+
Saboota keessaa walitti nu qabi.+
48 Yihowaan Waaqni Israaʼel,
Baraa hamma bara baraatti haa jajamu.+
Namoonni hundis, “Ameen!”* haa jedhan.
Yaahiin jajadhaa!*
KITAABA SHANAFFAA
(Faarfannaa 107-150)
107 Inni gaarii+ waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa;
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.+
2 Warri Yihowaan fure,*
Warri inni harka* diinaa jalaa fure,+
3 Warri inni biyyoota adda addaa irraa,
Bahaa fi dhiha* irraa,
Kaabaa fi kibba irraa walitti qabe+ akkana haa jedhan.
4 Isaan lafa onaa gammoojjii taʼe keessa ni jooran;
Daandii gara magaalaa keessa jiraachuu dandaʼan tokkotti geessu hin arganne.
5 Isaan beelaʼanii fi dheebotanii turan;
Dadhabbii irraa kan kaʼes gaggabanii turan.*
7 Gara magaalaa keessa jiraachuu dandaʼanitti akka dhufaniif,+
Daandii isa sirrii irra akka deeman godhe.+
8 Namoonni jaalala isaa isa amanamaadhaaf,
Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo inni ilmaan namootaatiif raawwateefis Yihowaadhaaf galata haa galchan.+
9 Sababiin isaas, inni isa dheebote* dheebuu baaseera,
10 Tokko tokko dukkana cimaa keessa
Cunqurfamanii, hidhaa sibiilaatiinis hidhamanii mana hidhaa keessa jiraatu turan.
11 Sababiin isaas, isaan dubbii Waaqayyoo irratti fincilaniiru;
Gorsa isa Hundaa Oliis tuffataniiru.+
12 Kanaafuu, inni rakkinaan garaa isaanii gad qabe;+
Isaan ni gufatan, namni isaan gargaarus hin turre.
13 Yeroo dhiphina isaaniitti gargaarsa argachuuf gara Yihowaatti iyyatan;
Innis rakkina isaanii irraa isaan oolche.
14 Dukkana cimaa keessaa isaan baase,
Hidhaa sibiilaa isaaniis ni kukkute.+
15 Namoonni jaalala isaa isa amanamaadhaaf,
Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo inni ilmaan namootaatiif raawwateefis Yihowaadhaaf galata haa galchan.+
16 Sababiin isaas, inni balbaloota sibiila diimaa caccabseera,
Danqaraawwan sibiilaas kukkuteera.+
18 Nyaata hundumaatiif fedhii dhaban;*
Gara karrawwan duʼaattis ni dhihaatan.
19 Yeroo dhiphina isaaniitti gargaarsa argachuuf gara Yihowaatti iyyatu turan;
Innis rakkina isaanii irraa isaan oolcha ture.
20 Dubbii isaa ergee isaan fayyisa,+
Boolla keessatti qabaman keessaas isaan baasa ture.
21 Namoonni jaalala isaa isa amanamaadhaaf,
Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo inni ilmaan namootaatiif raawwateefis Yihowaadhaaf galata haa galchan.
22 Aarsaa galataa haa dhiheessan,+
Ililchuudhaanis hojiiwwan isaa haa labsan.
23 Warri dooniidhaan galaana irra imalan,
Warri bishaanota babalʼoo irratti daldalan,+
24 Hojiiwwan Yihowaa,
Hojiiwwan dinqisiisoo inni galaana keessatti raawwate,+
25 Dambaliiwwan galaanaa ol kaasuudhaan,
Bubbeen dubbii isaatiin akkamitti akka ol kaʼu+ arganiiru.
26 Isaan hamma samiitti ol ni kaʼu,
Gara iddoo gad fagootti gad ni lixu.
Balaa isaan eeggatuun kan kaʼes, ija jabinni* isaanii ni bada.
27 Akkuma nama machaaʼeetti lafti isaaniin mara, ni gatantarus,
Dandeettiin isaanii hundi gatii kan hin qabne taʼa.+
28 Achiis yeroo dhiphina isaaniitti gara Yihowaatti iyyatu,+
Innis rakkina isaanii irraa isaan oolcha.
29 Bubbee sana cal jechisiisa;
Dambaliiwwan galaanichaas ni callisu.+
30 Yeroo wantoonni kun calluma jedhan isaan ni gammadu,
Innis gara iddoo tasgabbii hawwaa turaniitti isaan geggeessa.
31 Namoonni jaalala isaa isa amanamaadhaaf,
Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo inni ilmaan namootaatiif raawwateefis Yihowaadhaaf galata haa galchan.+
33 Inni lageen gara gammoojjiitti,
Burqaawwan bishaaniis gara lafa gogaatti ni jijjiira;+
34 Hammina warra ishii keessa jiraniitiin kan kaʼe,
Biyya oomisha kennitu gara lafa soogiddaa ona taʼetti jijjiira.+
35 Gammoojjii gara kuufamawwan bishaanii biqiltuudhaan guutamaniitti,
Lafa gogaas gara burqaawwan bishaaniitti jijjiira.+
36 Isaan magaalaa keessa jiraachuu dandaʼan akka hundeeffataniif,+
Warri beelaʼan achi akka jiraatan ni godha.+
38 Inni isaan eebbisa, isaanis akka malee ni baayʼatu;
Loon isaanii akka hirʼatan hin godhu.+
39 Taʼus, cunqursaa, rakkinaa fi gaddaan kan kaʼe
Isaan ammas ni xiqqaatu, ni salphatus.
40 Guguddoota irratti tuffii ni dhangalaasa,
Lafa onaa daandii hin qabne keessa akka jooranis ni godha.+
43 Namni ogeessa taʼe kam iyyuu wantoota kana ni hubata,+
Gochawwan Yihowaa warra jaalala isaa isa amanamaa irratti hundaaʼanis of eeggannoodhaan ilaala.+
Faarfannaa. Faarfannaa Daawit.
108 Yaa Waaqayyo, garaan koo cimaa dha.
Guutummaa eenyummaa kootiin* nan faarfadha, muuziqaas nan qopheessa.+
2 Yaa meeshaa muuziqaa ribuu qabdu nana, dammaqi, yaa baganaa,+ atis dammaqi.
Ani barraaqaan nan kaʼa.
3 Yaa Yihowaa, namoota gidduutti sin jajadha,
Saboota gidduuttis faarfannaa galataa siif nan faarfadha.*
4 Sababiin isaas, jaalalli kee inni amanamaan guddaa dha, akka samiiwwaniittis ol kaʼaa dha,+
Amanamummaan kees duumessoota bira gaʼa.
5 Yaa Waaqayyo, samiiwwanii olitti ol kan qabamte taʼi;
Ulfinni kee guutummaa lafaa irra haa taʼu.+
6 Warri ati jaallattu ooluu akka dandaʼaniif,
Harka kee mirgaatiin nu baraari, deebiis naaf kenni.+
7 Waaqayyo qulqullummaa isaatiin* akkana jedhee dubbateera:
8 Akkuma Minaaseen kan koo taʼe, Giiliyaadis+ kan koo ti,
9 Moʼaab miʼa dhiqannaa koo ti.+
Edoom irratti kophee koo nan darbadha.+
Filisxeem irrattis miira injifannootiin nan iyya.”+
10 Gara magaalaa dallaa dhagaa qabdutti kan na geessu eenyu?
Hamma Edoomitti kan na geggeessu eenyu?+
11 Yaa Waaqayyo, ati isa nu gate sana,
Yaa Waaqa keenya, ati isa raayyaawwan waraanaa keenyaa wajjin baʼuu dhiise sana mitii?+
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa.
109 Yaa Waaqa ani jajadhu,+ calluma hin jedhin.
2 Sababiin isaas, hamoonnii fi warri nama gowwoomsan ana irratti afaan isaanii banu.
Isaan arraba sobuun waaʼee koo dubbatu;+
3 Dubbii jibbaatiin natti marsu,
Sababii malees na haleelu.+
4 Jaalala ani isaanitti argisiiseef na mormu;+
Ani garuu kadhachuu koo ittan fufa.
5 Wanta gaarii ani godheef hamaa,
Jaalala ani isaanitti argisiiseefis jibba naaf deebisu.+
6 Nama hamaa isa irratti muudi;
Inni mormu* sunis karaa mirga isaa haa dhaabbatu.
7 Yommuu murtiidhaaf dhihaatu, yakkamaa* taʼee haa argamu;
Kadhannaan isaa illee akka cubbuutti haa ilaalamu.+
8 Guyyoonni isaa haa xiqqaatan;+
Mirga inni ilaaltuu ol aanaa taʼuudhaaf argate namni kan biraan haa fudhatu.+
9 Ijoolleen* isaa kan abbaa hin qabne haa taʼan,
Haati manaa isaas dubartii abbaan manaa irraa duʼe haa taatu.
10 Ijoolleen* isaa kadhattoota asii fi achi jooran,
Mana isaanii isa diigame keessaa baʼanii nyaata kan barbaaddatan haa taʼan.
11 Kan isaaf liqeesse wanta inni qabu hunda haa fudhatu,*
Namoonni ormaas qabeenya isaa haa saaman.
12 Eenyu illee gaarummaa* isatti hin argisiisin,
Eenyu illee ijoollee isaa warra abbaa hin qabnetti gara laafina hin argisiisin.
14 Balleessaan abbootii isaa Yihowaa biratti haa yaadatamu,+
Cubbuun haadha isaas hin haqamin.
15 Yihowaan wanta isaan godhan yeroo hunda haa yaadatu;
Yaadannoo isaaniis lafa irraa haa balleessu.+
16 Sababiin isaas, inni gaarummaa* argisiisuu hin yaadanne,+
Kanaa mannaa isa ajjeesuuf jedhee,+
Nama cunqurfame, hiyyeessaa fi nama garaan isaa cabe* hordofuu isaa itti fufe.+
17 Inni abaarsa labsuu waan jaallateef, abaarsi isa irratti ni dhufe;
Inni eebbisuuf fedhii waan hin qabneef, eebba hin arganne.
18 Akkuma uffata isaatti abaarsa uffatee ture.
Isaan akkuma bishaaniitti qaama isaa keessatti,
Akkuma zayitiittis lafeewwan isaa keessatti dhangalaʼanii turan.
19 Abaarsi isaa akkuma uffata ofitti maruu,+
Akkuma qabattoo yeroo hunda hidhatuus haa taʼu.
21 Ati garuu yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa,
Maqaa keetiif jedhiitii tarkaanfii naaf fudhadhu.+
Jaalalli kee inni amanamaan gaarii waan taʼeef na oolchi.+
23 Ani akka gaaddidduu baduutti nan darba;
Akka awwaannisaattis raafamee hurgufameera.
24 Sooma irraa kan kaʼe jilbi koo laafeera,
Qaamni koo huqqateera, dhumaan jiras.*
25 Ani arrabsoo isaaniitiif saaxilameera.+
Yommuu na argan mataa isaanii raasu.+
26 Yaa Waaqa koo Yihowaa, na gargaari;
Jaalala kee isa amanamaadhaan na oolchi.
27 Kun kan taʼe harka keetiin taʼuu isaa,
Yaa Yihowaa, kana kan raawwate si taʼuu kee haa beekan.
28 Isaan haa abaaran, ati garuu eebbisi.
Isaan yommuu na irratti kaʼan haa qaanaʼan,
Tajaajilaan kee garuu haa gammadu.
29 Warri na morman salphina haa uffatan;
Isaan akkuma uffataatti* qaanii isaaniitiin haa haguugaman.+
30 Afaan koo garaadhaa Yihowaa jajata;
Namoota hedduu duratti isa nan jajadha.+
31 Sababiin isaas, inni warra isa* balaaleffatan irraa isa oolchuuf,
Karaa mirgaa isa hiyyeessa taʼe sanaa ni dhaabbata.
Faarfannaa Daawit. Faarfannaa.
110 Yihowaan Gooftaa kootiin,
“Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti+
Mirga koo taaʼi”+ jedheera.
2 Yihowaan, “Diinota kee gidduutti bulchi”+ jedhee,
Ulee mootii aangoo kee argisiisu Xiyoon keessaa ni hiixata.
3 Guyyaa humna waraanaa kee geggeessitutti* sabni kee fedhiidhaan of dhiheessa.
Tuutni dargaggoota keetii akka fixeensa barraaqa buʼuu ti.
Bifti isaanii ulfina qabeessaa fi qulqulluu dha.
4 Yihowaan, “Ati akkuma Malkiseedeq+
Bara baraaf luba dha!”+ jedhee kakateera,
Yaada isaas hin jijjiiru.*
Bulchaa* biyya balʼaas* ni caccabsa.
7 Inni* burqaa daandii qarqara jiru irraa ni dhuga.
Kanaafuu, mataa isaa ol ni qaba.
א [Aleef]
Garee qajeelotaa walitti qabamee fi gumii keessatti
ב [Beet]
Garaa koo guutuudhaan Yihowaa nan jajadha.+
ג [Giimel]
ה [Hii]
3 Gochi isaa ulfina qabeessaa fi simbo qabeessa dha,
ו [Waaw]
Qajeelummaan isaas bara baraaf jabaatee dhaabbata.+
ז [Zaayin]
4 Hojiiwwan isaa warri dinqisiisoo taʼan akka yaadataman godha.+
ח [Heet]
Yihowaan gara laafessaa* fi araara qabeessa dha.+
ט [Teet]
5 Warra isa sodaataniif nyaata ni kenna.+
י [Yood]
Kakuu isaa bara baraaf ni yaadata.+
כ [Kaaf]
6 Dhaala sabootaa isaaniif kennuudhaan,+
ל [Laamed]
Hojiiwwan isaa warra ciccimoo saba isaatiif ibseera.
מ [Meem]
ס [Saamek]
8 Isaan ammas taʼe bara baraaf yeroo hundumaa amansiisoo dha;*
ע [Ayiin]
Dhugaa fi qajeelummaa irrattis kan hundaaʼani dha.+
פ [Pee]
9 Inni saba isaatiif furii kenneera.+
צ [Tsadee]
Kakuun isaa bara baraaf akka turu ajajeera.
ק [Qoof]
Maqaan isaa qulqulluu fi sodaachisaa dha.+
ר [Reesh]
10 Yihowaa sodaachuun jalqaba ogummaa ti.+
ש [Siin]
Warri ajajawwan isaa* eegan hundi hubannaa akka qaban argisiisu.+
ת [Taaw]
Jajamuun isaa bara baraaf jabaatee dhaabbata.
א [Aleef]
ג [Giimel]
ה [Hii]
ז [Zaayin]
4 Inni nama qajeelaadhaaf akkuma ibsaa dukkana keessaa ifuutti ni ibsa.+
ח [Heet]
Inni gara laafessa,* araara qabeessaa+ fi qajeelaa dha.
ט [Teet]
5 Namni arjummaadhaan* liqeessu gaarii isaaf ni taʼa.+
י [Yood]
Dhimmoota isaa haqaan ni raawwata.
כ [Kaaf]
ל [Laamed]
Namni qajeelaan bara baraaf yaadatama.+
מ [Meem]
נ [Nuun]
Yihowaatti waan amanamuuf, garaan isaa cimaa dha.+
ס [Saamek]
8 Garaan isaa hin raafamu;* inni hin sodaatu;+
ע [Ayiin]
Dhuma irrattis miira injifannootiin diinota isaa ilaala.+
פ [Pee]
9 Inni balʼinaan* raabseera; hiyyeeyyiidhaafis kenneera.+
צ [Tsadee]
Qajeelummaan isaa bara baraaf itti fufa.+
ק [Qoof]
Jabinni* isaa ulfinaan ol ni kaafama.
ר [Reesh]
10 Inni hamaan kana argee ni aara.
ש [Shiin]
Ilkaan isaa ni qarata, baqees ni bada.
ת [Taaw]
Hawwiin hamootaa ni bada.+
113 Yaahiin jajadhaa!*
Isin tajaajiltoonni Yihowaa, isa jajadhaa,
Maqaa Yihowaa jajadhaa.
2 Ammaa jalqabee bara baraaf
Maqaan Yihowaa haa jajamu.+
3 Baha biiftuutii hamma lixa biiftuutti,
Maqaan Yihowaa haa jajamu.+
6 Inni samii fi lafa ilaaluuf gad jedha;+
7 Isa rakkataa awwaara irraa ni kaasa.
Isa hiyyeessas tuullaa daaraa* irraa ol ni kaasa;+
8 Kanas kan godhu, inni guguddootaa wajjin,
Guguddoota saba isaa wajjin akka taaʼu gochuufi.
9 Inni dubartii dhabduun* haadha gammachuu qabdu taatee+
Ijoollee* ishii wajjin mana ishii keessa akka jiraattu ni godha.
Yaahiin jajadhaa!*
114 Israaʼel Gibxii keessaa,
Manni Yaaqoob saba afaan biyya ormaa dubbatu keessaa yommuu baʼetti,+
2 Yihudaan iddoo qulqulluu isaa,
Israaʼelis bulchiinsa isaa ni taʼe.+
4 Gaaronni akka korbeeyyii hoolaatti,
Tabbawwanis akka hoolotaatti burraaqan.+
5 Yaa galaanaa, maaltu akka baqattu si godhe?+
Yaa Yordaanos, maaliif duubatti deebite?+
6 Yaa gaarotaa, isin akka korbeeyyii hoolaatti,
Yaa tabbawwanii, isin akka hoolotaatti kan burraaqxan maaliifi?
7 Yaa lafaa, sababii Gooftaatiin,
Sababii Waaqa Yaaqoobiin holladhu;+
8 Inni qarsaa gara bishaan kuufamaa biqiltuudhaan guutametti,
Qarsaa cimaas gara burqaawwan bishaaniitti jijjiira.+
115 Jaalala kee isa amanamaa fi amanamummaa keetiin kan kaʼe,+
Yaa Yihowaa, nuuf utuu hin taʼin, eeyyee, nuuf utuu hin taʼin,*
Maqaa keetiif ulfinni haa taʼu.+
2 Saboonni, “Waaqni isaanii eessa jira?”
Maaliif haa jedhan?+
3 Waaqni keenya samii irra jira;
Inni wanta isatti tolu akkamii iyyuu ni raawwata.
4 Waaqolii tolfamoon isaanii meetii fi warqii,
Warra hojii harka namaa taʼani dha.+
5 Afaan qabu, garuu dubbachuu hin dandaʼan;+
Ija qabu, garuu arguu hin dandaʼan;
6 Gurra qabu, garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;
Funyaan qabu, garuu fuunfachuu hin dandaʼan;
7 Harka qabu, garuu qaqqabuu hin dandaʼan;
Miila qabu, garuu deemuu hin dandaʼan;+
Qoonqoo isaaniitiinis sagalee hin baasan.+
8 Namoonni isaan tolchan,
Warri isaanitti amanaman hundis akkuma isaanii ni taʼu.+
10 Isin manni Aaron,+ Yihowaatti amanamaa,
Inni gargaaraa fi gaachana keessani.
13 Xinnaas taʼe guddaa,
Inni warra Yihowaa sodaatan ni eebbisa.
18 Nuti garuu ammaa jalqabee bara baraaf
Yaahiin ni jajanna.
Yaahiin jajadhaa!*
116 Sagalee koo, kadhatan gargaarsa argachuuf dhiheessus waan dhagaʼuuf,+
Ani Yihowaa nan jaalladha.*
Dhiphinaa fi gaddaan liqimfameen ture.+
4 Garuu, “Yaa Yihowaa, na* oolchi!”
Jedhee maqaa Yihowaa nan waammadhe.+
6 Yihowaan warra muuxannoo hin qabne ni eega.+
Ani gad qabameen ture, inni garuu na oolche.
7 Yihowaan gaarummaadhaan waan na qabeef,
Lubbuun* koo ammas haa boqotu.
8 Ati lubbuu koo duʼa irraa,
Ija koo imimmaan irraa, miila koos gufachuu irraa oolchiteetta.+
9 Biyya namoota jiraatoo keessatti Yihowaa dura nan deddeebiʼa.
10 Amantii waanan qabuuf, dubbadheera;+
Akka malee cunqurfameen ture.
11 Ani garuu naʼee,
“Namni hundi sobduu dha”+ nan jedhe.
12 Wanta gaarii inni naaf godhe hundumaatiif,
Yihowaadhaaf maalan deebisa?
13 Xoofoo fayyinaa* nan kaasa,
Maqaa Yihowaas nan waammadha.
16 Ani taajilaa kee waanan taʼeef,
Yaa Yihowaa, sin kadhadha.
Ani tajaajilaa kee ti, ilma garbittii teetis.
Ati hidhaa koo na irraa hiikteetta.+
17 Aarsaa galataa siif nan dhiheessa;+
Maqaa Yihowaa nan waammadha.
19 Mooraawwan mana Yihowaa keessatti,+
Yaa Yerusaalem, si gidduutti wareega koo nan raawwadha.
2 Sababiin isaas, jaalalli amanamaan inni nuuf qabu guddaa dha;+
118 Inni gaarii+ waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa;
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
2 Israaʼel amma,
“Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” haa jedhu.
3 Warri mana Aaron keessaa taʼan amma,
“Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” haa jedhan.
4 Warri Yihowaa sodaatan amma,
“Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” haa jedhan.
5 Yeroo dhiphina kootti Yaahiin* nan waammadhe;
Yaah deebii naaf kenne, gara bakka balaa irraa walaba* taʼettis na geesse.+
6 Yihowaan na cinaa jira; ani hin sodaadhu.+
Namni maal na gochuu dandaʼa?+
7 Yihowaan gargaaraa koo taʼee na cinaa* jira;+
Anis warra na jibban miira injifannootiin nan ilaala.+
8 Namootatti amanamuu mannaa,
Yihowaatti kooluu galuu wayya.+
9 Bulchitootatti amanamuu mannaa,
Yihowaatti kooluu galuu wayya.+
11 Isaan natti marsan, eeyyee, ani guutummaatti nan marfame,
Garuu maqaa Yihowaatiin
Of irraa isaan nan dhowwe.
12 Isaan akka kanniisaatti natti marsan,
Garuu akka ibidda qoree gidduu jiruutti dafanii dhaaman.
Anis maqaa Yihowaatiin
Of irraa isaan nan dhowwe.+
13 Na kuffisuuf humnaan na darbatan,*
Yihowaan garuu na gargaare.
14 Yaah gaaddisa koo fi jabina koo ti,
Inni fayyisaa koo naaf taʼeera.+
15 Sagaleen gammachuu fi sagaleen fayyinaa*
Dunkaanota qajeelotaa keessa jira.
Harki mirgaa Yihowaa humna isaa ni mulʼisa.+
16 Harki mirgaa Yihowaa ol of qaba;
Harki mirgaa Yihowaa humna isaa ni mulʼisa.+
17 Hojiiwwan Yaah akkan labsuuf,
Ani nan jiraadha malee hin duʼu.+
19 Karrawwan qajeelummaa naaf banaa;+
Anis achiin seenee Yaahiin nan jajadha.
20 Kun karra Yihowaa ti.
Qajeelonni achiin ni seenu.+
21 Deebii waan naa kenniteef,
Fayyisaa koos waan taateef, ani sin jajadha.+
24 Guyyaan Yihowaan murteesse isa kana dha;
Nutis isatti ni gammanna, ni ililchinas.
25 Yaa Yihowaa, si kadhanna, maaloo nu oolchi!
Yaa Yihowaa, maaloo injifannoo nuuf kenni!
26 Inni maqaa Yihowaatiin dhufu eebbifamaa dha;+
Nuti mana Yihowaa keessaa isin eebbisna.
27 Yihowaan Waaqa dha;
Inni ifa nuuf kenna.+
Dameewwan mukaa harkatti qabadhaatii warra gara ayyaanichaatti deemanii wajjin taʼuudhaan+
Hamma gaanfota iddoo aarsaatti+ deemaa.
28 Ati Waaqa koo ti; ani sin jajadha;
Yaa Waaqa koo, ol sin qaba.+
29 Inni gaarii waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa;+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.+
א [Aleef]
119 Warri daandii isaaniitiin balleessaa hin qabne,*
Warri seera Yihowaatiin deddeebiʼan gammadoo dha.+
3 Isaan jalʼina hin raawwatan,
Daandiiwwan isaa irra ni deemu.+
4 Ajajawwan kee of eeggannoodhaan akka eegaman
Ajaja kenniteetta.+
6 Silaa ajajawwan kee hunda yommuun qoʼadhutti,
Hin qaanaʼun ture.+
7 Murtiiwwan kee warra qajeeloo taʼan yommuun baradhu,
Garaa qajeelaadhaan sin jajadha.
8 Dambiiwwan kee nan eega.
Matumaa guutummaatti na hin dhiisin.
ב [Beet]
9 Dargaggeessi akkamitti daandii isaa qulqulluu godhee eeguu dandaʼa?
Akka dubbii keetti of eeguudhaani.+
10 Garaa koo guutuudhaan sin barbaaddadha.
Ajajawwan kee irraa akkan goru hin godhin.+
11 Si irratti cubbuu akkan hin hojjenneef,+
Garaa koo keessatti dubbii keetiif bakka guddaa nan kenna.+
12 Yaa Yihowaa, kan jajamte taʼi;
Dambiiwwan kee na barsiisi.
13 Murtiiwwan ati dubbatte hundumaa
Afaan kootiin nan labsa.
16 Dambiiwwan kee nan jaalladha.
Dubbii kee hin irraanfadhu.+
ג [Giimel]
17 Lubbuudhaan akkan jiraadhuu fi dubbii kee akkan eeguuf,+
Ana tajaajilaa kee gaarummaadhaan qabi.
18 Wantoota dinqisiisoo seera kee keessa jiran
Sirriitti arguu akkan dandaʼuuf ija koo naaf bani.
19 Ani garuu biyyattii keessatti nama biyya ormaa ti.+
Ajajawwan kee na duraa hin dhoksin.
20 Ani* yeroo hundumaa murtiiwwan kee
Hawwuudhaan kan kaʼe bututeera.
21 Ati warra of tuulan,
Warra abaaramoo ajajawwan kee irraa goran ni ifatta.+
22 Yaadachiisawwan kee waanan eegeef,
Qoosaa fi tuffii na irraa balleessi.*
23 Bulchitoonni waliin taaʼanii waaʼee koo wanta hamaa yommuu dubbatanitti illee,
Ani tajaajilaan kee dambiiwwan kee irratti nan yaada.*
ד [Daalet]
25 Awwaara irra gombifamee nan ciisa.+
Akka dubbii keetti lubbuudhaan na tursi.+
26 Waaʼee daandii kootii sitti himadheera, atis deebii naaf kenniteetta;
Dambiiwwan kee na barsiisi.+
28 Ani* gadda irraa kan kaʼe hirriba dhabeera.
Akka dubbii keetti na cimsi.
29 Daandii gowwoomsaa na irraa fageessi,+
Seera kee na barsiisuudhaan gaarummaa natti argisiisi.
30 Daandii amanamummaa filadheera.+
Murtiiwwan kee sirrii taʼuu isaanii nan beeka.
31 Yaadachiisawwan keetti nan maxxana.+
Yaa Yihowaa, abdii akkan kutadhu* hin godhin.+
32 Ati garaa koo keessatti iddoo waan isaaf kenniteef,*
Daandii ajajawwan keetii hawwiidhaan nan hordofa.*
ה [Hii]
34 Seera kee akkan hojii irra oolchuuf,
Garaa koo guutuudhaanis akkan isa eeguuf,
Hubannaa naaf kenni.
37 Wanta gatii hin qabne ilaaluu irraa ija koo deebisi;+
Daandii kee irras lubbuudhaan na tursi.
38 Ati akka sodaatamtuuf,
39 Murtiiwwan kee gaarii waan taʼaniif,+
Salphina ani sodaadhu sana fageessi.
40 Ajajawwan kee hammam akkan hawwu ilaali.
Qajeelummaa keetiin lubbuudhaan na tursi.
ו [Waaw]
41 Yaa Yihowaa, waadaa* kee wajjin haala wal simuun,
Jaalala kee isa amanamaa fi fayyisuu kee akkan argu godhi;+
42 Achiis dubbii keetti waanan amanamuuf,
Isa na arrabsu sanaaf deebii nan kenna.
43 Murtii kee waanan abdadheef,*
Dubbii dhugaa afaan koo keessaa guutummaatti hin balleessin.
44 Baraa hamma bara baraatti,
Yeroo hundumaa seera kee nan eega.+
45 Ajajawwan kee waanan barbaaddadhuuf,
Bakka balaa irraa walaba* taʼe keessa asii fi achi nan deema.+
46 Mootota duratti waaʼee yaadachiisawwan keetii nan dubbadha,
Hin qaanaʼus.+
47 Ajajawwan kee nan jaalladha,
Eeyyee, nan jaalladha.+
48 Harka koo gara ajajawwan kee warran jaalladhu sanaatti nan kaasa,+
ז [Zaayin]
50 Dubbiin kee lubbuudhaan waan na turseef,
Kun isa yeroo rakkina kootti jajjabina naaf kennu dha.+
51 Warri of tuulan akka malee natti qoosu,
Ani garuu seera kee irraa hin jalʼadhu.+
52 Yaa Yihowaa, bara duriitii jalqabee murtiiwwan kee nan yaadadha,+
Isaan irraas jajjabina nan argadha.+
53 Hamoota warra seera kee dhiisaniin kan kaʼe,
Ani aaree bobaʼeera.+
54 Eessa iyyuu yoon jiraadhe,*
Dambiiwwan kee faarfannaa koo ti.
55 Yaa Yihowaa, seera kee akkan eeguuf,
Halkan maqaa kee nan yaadadha.+
56 Ajajawwan kee waanan eegeef,
Akkana gochuun barsiifata naaf taʼeera.
ח [Heet]
59 Miila koo gara yaadachiisawwan keetti deebisuuf,
Ani daandii koo qoreera.+
60 Ajajawwan kee eeguuf,
Nan ariifadha, hin turus.+
61 Wadaroon hamootaa natti marse,
Ani garuu seera kee hin irraanfadhu.+
62 Murtiiwwan kee warra qajeeloo taʼaniif
Galata siif galchuuf halkan walakkaa nan kaʼa.+
64 Yaa Yihowaa, jaalalli kee inni amanamaan lafa ni guuta;+
Dambiiwwan kee na barsiisi.
ט [Teet]
65 Yaa Yihowaa, akka dubbii keetti,
Ana tajaajilaa keetiif wanta gaarii gooteetta.
66 Ajajawwan keetti waanan amanameef,
Hubannaa fi beekumsa naaf kenni.+
68 Ati gaarii dha,+ hojiiwwan kees gaarii dha.
Dambiiwwan kee na barsiisi.+
69 Warri of tuulan soba natti dhooban,
Ani garuu garaa koo guutuudhaan ajajawwan kee nan eega.
71 Dambiiwwan kee akkan baradhuuf,
Rakkina keessa darbuun koo anaaf gaarii dha.+
י [Yood]
73 Kan na uumee fi kan na tolche harka kee ti.
Ajajawwan kee akkan baradhuuf,
Hubannaa naaf kenni.+
75 Yaa Yihowaa, murtiiwwan kee qajeeloo akka taʼan,+
Amanamummaa keetiinis akka na cunqursite nan beeka.+
76 Akka ana tajaajilaa keetiif waadaa galtetti,*
Maaloo, jaalalli kee inni amanamaan+ na haa jajjabeessu.
78 Isaan sababii malee* waan na miidhaniif,
Warri of tuulan haa qaanaʼan.
Ani garuu ajajawwan kee irratti nan yaada.*+
79 Warri si sodaatan,
Warri yaadachiisawwan kee beekan gara kootti haa deebiʼan.
כ [Kaaf]
83 Ani akkuma qalqalloo aarri gogsee ti,
Taʼus dambiiwwan kee hin irraanfadhu.+
84 Ani tajaajilaan kee guyyoota meeqaafan eega?
Warra na ariʼatan irratti kan murteessitu yoomi?+
85 Warri of tuulan,
Warri seera kee tuffatan boolla naaf qotu.
86 Ajajawwan kee hundi amanamoo dha.
Namoonni sababii malee na ariʼatu; na gargaari!+
87 Isaan guutummaatti lafa irraa na balleessuu gaʼanii turan,
Ani garuu ajajawwan kee hin dhiisne.
88 Yaadachiisawwan ati dubbatte akkan eeguuf,
Jaalala kee isa amanamaadhaan kan kaʼe lubbuudhaan na tursi.
ל [Laamed]
89 Yaa Yihowaa,
Dubbiin kee bara baraaf samiiwwan keessatti jabaatee dhaabbata.+
90 Amanamummaan kee dhaloota hundumaa keessa ni jiraata.+
Lafti jabaattee akka dhaabbattuuf, cimsitee ishii hundeessiteetta.+
91 Hundi isaanii tajaajiltoota kee waan taʼaniif,
Isaan* murtiiwwan keetiin hamma harʼaatti jiraataniiru.
92 Seera kee utuun hin jaallanne taʼee,
Silaa yoona rakkina na irra gaʼeen badeen ture.+
93 Ati isaaniin lubbuudhaan waan na tursiteef,
Matumaa ajajawwan kee hin irraanfadhu.+
95 Hamoonni na balleessuuf na eeggatu,
Ani garuu yaadachiisawwan keetiif xiyyeeffannaa guddaa nan kenna.
96 Wanti mudaa hin qabne hundinuu daangaa akka qabu argeera,
Ajajni kee garuu daangaa hin qabu.*
מ [Meem]
97 Seera kee baayʼee nan jaalladha!+
Guyyaa guutuu isa irratti nan yaada.*+
98 Ajajni kee bara baraaf naa wajjin waan jiruuf,
Diinota koo caalaa ogeessa na godha.+
100 Ajajawwan kee waanan eeguuf,
Maanguddoota caalaa hubannaadhaan nan deddeebiʼa.
101 Dubbii kee akkan eeguuf,
Daandii hamaa akkamii irra iyyuu deemuu nan dida.+
102 Ati waan na barsiisteef,
Ani murtiiwwan kee irraa hin goru.
103 Dubbiin kee laagaa koo keessatti akkam miʼaawa!
Afaan koo keessattis damma caalaa miʼaawa!+
104 Ajajawwan keetiin hubannaadhaan nan deddeebiʼa.+
Daandii sobaa kam iyyuu kanan jibbu kanaafi.+
נ [Nuun]
106 Murtiiwwan kee warra qajeeloo taʼan eeguuf,
Kakaa kakadheera, isas nan raawwadha.
107 Ani akka malee cunqurfameera.+
Yaa Yihowaa, akka dubbii keetti lubbuudhaan na tursi.+
110 Hamoonni kiyyoo naaf kaaʼaniiru,
Ani garuu ajajawwan kee irraa hin gorre.+
111 Gammachuu garaa kootii waan taʼaniif,
Yaadachiisawwan kee akka qabeenya dhaabbataatti* nan ilaala.+
112 Yeroo hundumaa, hamma dhumaatti,
Dambiiwwan keetiif ajajamuuf kutadheera.*
ס [Saamek]
115 Ajajawwan Waaqa kootii akkan eeguuf,
Isin namoonni hamoon na irraa fagaadhaa.+
116 Lubbuudhaan jiraachuu koo akkan itti fufuuf,
Akkuma waadaa galtetti* na deggeri;+
Abdiin koo gara abdii kutachuutti* akka jijjiiramu hin godhin.+
118 Isaan sobdootaa fi gowwoomsitoota waan taʼaniif,
Ati warra dambiiwwan kee irraa goran hundumaa of irraa ni fageessita.+
119 Hamoota lafa irra jiran hundumaa akkuma kosii gatii hin qabneetti ni balleessita.+
Ani yaadachiisawwan kee kanan jaalladhu kanaafi.
120 Si sodaachuudhaan kan kaʼe qaamni* koo ni hollata;
Murtiiwwan kee nan sodaadha.
ע [Ayiin]
121 Ani wanta haqaa fi qajeelaa taʼe raawwadheera.
Warra na cunqursanitti dabarsitee na hin kennin!
122 Nageenya ana tajaajilaa keetii mirkaneessi.
Warri of tuulan na hin cunqursin.
125 Ani tajaajilaa kee ti;
Yaadachiisawwan kee akkan beekuuf hubannaa naaf kenni.+
126 Isaan seera kee waan cabsaniif,
Yaa Yihowaa, yeroon tarkaanfii itti fudhattu gaʼeera.+
128 Kanaafuu, qajeelfama* si biraa dhufe hunda sirrii akka taʼettan ilaala;+
Daandii sobaa hundumaa nan jibba.+
פ [Pee]
129 Yaadachiisawwan kee dinqisiisoo dha.
Kanan isaan eegu kanaafi.
132 Murtii warra maqaa kee jaallataniif kennituu wajjin haala wal simuun,+
Gara kootti garagali, gaarummaas natti argisiisi.+
134 Namoota nama cunqursan irraa na oolchi,*
Anis ajajawwan kee nan eega.
135 Fuula kee ana tajaajilaa kee irratti ibsi,+
Dambiiwwan kees na barsiisi.
136 Namoonni seera kee waan hin eegneef,
Imimmaan akkuma lolaatti ija koo keessaa gad ni yaaʼa.+
צ [Tsadee]
138 Yaadachiisawwan ati kennitu qajeeloo dha,
Guutummaattis kan amanamani dha.
139 Diinonni koo dubbii kee waan irraanfataniif,
Hinaaffaan koo na nyaata.+
141 Ani nama bakka guddaa hin qabnee fi tuffatamaa dha;+
Taʼus ajajawwan kee hin irraanfanne.
143 Dhiphinnii fi rakkinni na irra gaʼus,
Yeroo hundumaa ajajawwan kee nan jaalladha.
144 Qajeelummaan yaadachiisawwan keetii kan bara baraa ti.
Lubbuudhaan jiraachuu koo akkan itti fufuuf, hubannaa naaf kenni.+
ק [Qoof]
145 Garaa koo guutuudhaan nan waammadha. Yaa Yihowaa, deebii naaf kenni.
Dambiiwwan kee nan eega.
146 Sin waammadha; na oolchi!
Yaadachiisawwan kee nan eega.
149 Jaalala kee isa amanamaadhaan kan kaʼe sagalee koo dhagaʼi.+
Yaa Yihowaa, akka haqa keetti lubbuudhaan na tursi.
150 Warri gocha qaanessaa irratti hirmaatan natti dhihaataniiru;
Isaan seera kee irraa fagaataniiru.
152 Bara dheeraa dura waaʼee yaadachiisawwan keetii,
Bara baraaf akka jiraataniif akka isaan hundeessite baradheera.+
ר [Reesh]
153 Ani seera kee waan hin irraanfanneef,
Rakkina koo ilaaliitii na oolchi.+
155 Isaan dambiiwwan kee waan hin barbaaddanneef,
Fayyinni hamoota irraa fagoo jira.+
156 Yaa Yihowaa, gara laafinni kee guddaa dha.+
Haqa kee wajjin haala wal simuun, lubbuudhaan na tursi.
157 Warri na ariʼatanii fi diinonni koo hedduu dha;+
Ani garuu yaadachiisawwan kee irraa hin gorre.
158 Isaan dubbii kee waan hin eegneef,
Gantoota ija jibbaatiin nan ilaala.+
159 Ajajawwan kee hammam akkan jaalladhu ilaali!
Yaa Yihowaa, jaalala kee isa amanamaadhaan kan kaʼe lubbuudhaan na tursi.+
160 Buʼuurri dubbii keetii dhugaa dha,+
Murtiiwwan kee warri qajeeloon hundi bara baraaf jabaatanii dhaabbatu.
ש [Siin] ykn [Shiin]
162 Akkuma nama boojuu guddaa argatetti,
Dubbii keetti nan gammada.+
164 Murtiiwwan kee warra qajeeloo taʼaniin kan kaʼe,
Guyyaatti siʼa torba sin jajadha.
166 Yaa Yihowaa, gochawwan fayyinaa kee nan abdadha,
Ajajawwan kees nan eega.
167 Yaadachiisawwan kee nan eega,
Baayʼees isaan nan jaalladha.+
168 Wantan godhu hundumaa waan beektuuf,+
Ajajawwan kee fi yaadachiisawwan kee nan eega.
ת [Taaw]
169 Yaa Yihowaa, iyyi ani gargaarsaaf dhageessisu si bira haa gaʼu.+
Akka dubbii keetti hubannaa naaf kenni.+
170 Gaaffiin ani fudhatama argachuuf dhiheessu si duratti haa dhihaatu.
Akkuma waadaa galtetti* na oolchi.
171 Dambiiwwan kee waan na barsiistuuf,
Afaan koo jajannaadhaan haa guutamu.+
172 Ajajawwan kee hundi qajeeloo waan taʼaniif,
Arrabni koo waaʼee dubbii keetii haa faarfatu.+
174 Yaa Yihowaa, fayyisuu kee hawwiidhaan nan eeggadha,
Seera kees nan jaalladha.+
175 Akkan si jajadhuuf, lubbuudhaan na jiraachisi;+
Murtiiwwan kee na haa gargaaran.
176 Ani akkuma hoolaa badeetti karaa irraa goreera.+
Ajajawwan kee waanan hin irraanfanneef, ana tajaajilaa kee barbaadi.+
Faarfannaa Ol Baʼuu.*
2 Yaa Yihowaa, afaan sobu irraa,
Arraba gowwoomsu irraas na* oolchi.
5 Nama biyya ormaa taʼee Meesheek+ keessa waanan jiraadheef, anaaf wayyoo!
Dunkaanota Qeedaar+ gidduu jiraadheera.
6 Warra nagaa jibbanii wajjin
Bara dheeraa jiraadheera.+
7 Ani nagaadhaaf dhaabbadheera, yommuun dubbadhu garuu,
Isaan waraanaaf kaʼu.
Faarfannaa Ol Baʼuu.
121 Ija koo gara gaarotaatti ol nan kaasa.+
Kan na gargaaru eenyu?
2 Kan na gargaaru Yihowaa+
Isa samii fi lafa tolche dha.
3 Inni matumaa miilli kee akka mucucaatu* hin heyyamu.+
Inni si eegu matumaa hin mugu.
4 Kunoo, inni Israaʼeliin eegu
Matumaa hin mugu, hin rafus.+
5 Yihowaan si eega.
Yihowaan karaa harka mirgaa keetiin+ gaaddisa siif taʼa.+
6 Guyyaa aduun,
Halkan immoo addeessi si hin rukutu.+
7 Yihowaan miidhaa hundumaa irraa si eega.+
Inni lubbuu kee ni eega.+
8 Yihowaan ammaa jalqabee bara baraaf
Wanta raawwattu hundumaa* irratti si eega.
Faarfannaa Ol Baʼuu. Faarfannaa Daawit.
122 “Gara mana Yihowaa haa dhaqnu!”
Yommuu naan jedhan nan gammade.+
2 Ammas yaa Yerusaalem,
Miilli keenya karrawwan kee keessa dhaabbateera.+
4 Gosoonni, gosoonni Yaah,*
Akka yaadachiisa Israaʼeliif kennameetti,
Maqaa Yihowaatiif galata galchuuf,
Gara ishiitti ol baʼaniiru.+
6 Nagaa Yerusaalemiif kadhadhaa.+
Yaa magaalaa nana, warri si jaallatan tasgabbii argatu.
7 Yeroo hunda nagaan dallaawwan ittisaa kee* keessa,
Tasgabbiinis masaraawwan kee warra ciccimoo taʼan keessa haa jiraatu.
8 Ani obboloota koo fi michoota kootiif jedhee,
“Nagaan si keessa haa jiraatu” nan jedha.
9 Mana Waaqa keenya Yihowaatiif jedhee,+
Wanta gaarii siif nan hawwa.
Faarfannaa Ol Baʼuu.
123 Yaa isa samiiwwan keessa teessoo irra teessee jirtuu,
Ija koo gara keetti ol nan kaasa.+
2 Akkuma ijji tajaajiltootaa gara harka gooftaa isaanii,
Ijji tajaajiltuus gara harka giiftii ishii ilaalu,
Hamma inni gaarummaa nutti argisiisutti,+
Ijji keenyas gara Waaqa keenya Yihowaa ni ilaala.+
3 Nuti salphina waan quufneef,+
Gaarummaa nutti argisiisi, yaa Yihowaa, gaarummaa nutti argisiisi.
4 Qoosaa warra ofitti amanamanii,
Tuffii warra of tuulaniis quufneerra.*
Faarfannaa Ol Baʼuu. Faarfannaa Daawit.
124 “Yihowaan utuu nuu wajjin taʼuu baatee,”+
Israaʼel akkana haa jedhu:
2 “Yihowaan utuu nuu wajjin taʼuu baatee,+
Yeroo namoonni nu haleeluuf nu irratti kaʼanitti,+
3 Yommuu aariin isaanii nu irratti bobaʼetti,+
Silaa jiraatti nu liqimsu turan.+
5 Dhaʼaan bishaanotaas nu* liqimsa ture.
6 Inni akka wanta adamsamuutti ilkaan isaaniitti dabarsee waan nu hin kennineef
Yihowaan haa jajamu.
8 Nuti isa maqaan isaa Yihowaa jedhamu
Isa samii fi lafa tolche irraa gargaarsa arganna.”+
Faarfannaa Ol Baʼuu.
125 Warri Yihowaatti amanaman,+
Akkuma Gaara Xiyoon isa raafamuu hin dandeenyee fi
Bara baraaf jabaatee dhaabbatuu ti.+
3 Qajeelonni wanta sirrii hin taane gochuutti akka hin garagalleef,*+
Uleen mootii hamminaa lafa qajeelotaaf ramadame keessatti hin hafu.+
5 Yihowaan warra daandii isaanii isa micciiramaatti deebiʼan
Namoota yakka raawwatanii wajjin ni balleessa.+
Israaʼel irratti nagaan haa taʼu.
Faarfannaa Ol Baʼuu.
126 Yihowaan yeroo namoota Xiyoon warra boojiʼaman deebisee walitti qabetti+
Abjuu keessa kan jirru nutti fakkaate.
2 Yeroo sanatti afaan keenya kolfaan
Arrabni keenyas ililchuudhaan guutame.+
Yeroo sanatti isaan saboota gidduutti,
“Yihowaan wantoota guguddaa isaaniif raawwate”+ jedhan.
3 Yihowaan wantoota guguddaa nuuf raawwate,+
Nutis baayʼee gammanne.
4 Yaa Yihowaa, akkuma burqaawwan Negeeb* keessa jiraniitti,
Boojiʼamtoota keenya deebisii walitti qabi.*
5 Warri imimmaaniin sanyii facaasan
Ililchuudhaan ni haammatu.
6 Namni korojoo sanyii isaa baatee baʼu,
Booʼaa kan gad baʼu taʼus,
Bissiiwwan midhaanii isaa baatee,+
Ililchaa akka deebiʼu beekamaa dha.+
Faarfannaa Ol Baʼuu. Faarfannaa Solomoon.
127 Yihowaan mana yoo ijaare malee,
Ijaartonni jabaatanii hojjechuun isaanii gatii hin qabu.+
Yihowaan magaalaa yoo eege malee,+
Eegduun dammaqee eeguun isaa gatii hin qabu.
2 Inni warra jaallatuuf utuma hirriba kennuu wanta barbaachisu waan isaaniif qopheessuuf,+
Isin ganama barii kaatanii,
Hamma galgalaattis turtanii,
Nyaata keessan argachuuf dhamaʼuun keessan gatii hin qabu.
5 Namni korojoo xiyyaa isaa isaaniin guuttatu gammadaa dha.+
Isaan karra magaalaa irratti diinotaa wajjin waan dubbataniif,
Hin qaanaʼan.
Faarfannaa Ol Baʼuu.
2 Wanta harka keetiin itti dhamaatee argatte ni nyaatta.
Ni gammadda, badhaadhinas ni argatta.+
3 Haati manaa tee mana kee keessatti akkuma muka wayinii firii godhatuu ni taati;+
Ilmaan kees naannoo maaddii keetti akkuma latiiwwan muka ejersaa ni taʼu.
4 Kunoo, namni Yihowaa sodaatu
Akka kanatti eebbifama.+
5 Yihowaan Xiyoon keessaa si eebbisa.
Bara jireenyaa kee hundumaatti Yerusaalem yommuu badhaadhina argattu kan argitu taʼi;+
6 Ilmaan ilmaan keetiis kan argitu taʼi.
Israaʼel irra nagaan haa taʼu.
Faarfannaa Ol Baʼuu.
129 “Isaan ijoollummaa kootii jalqabee yeroo hundumaa na haleelaniiru,”+
Israaʼel akkana haa jedhu:
2 “Isaan ijoollummaa kootii jalqabee yeroo hundumaa na haleelaniiru;+
Garuu immoo na hin moone.+
3 Namoonni qotan dugda koo qotaniiru;+
Boʼoo dheeraas baasaniiru.”
5 Warri Xiyooniin jibban hundi,
Ni qaanaʼu, salphataniis duubatti deebiʼu.+
6 Isaan akkuma marga baaxii gubbaatti biqilee
Buqqifamuu isaa dura coolliguu ni taʼu;
7 Margi sun qabaa nama haamu sanaa
Yookiin kaasuu* nama bissii walitti qabu sanaa guutuu hin dandaʼu.
8 Warri achiin darban,
“Eebbi Yihowaa isin irra haa taʼu;
Nuti maqaa Yihowaatiin isin eebbisna” hin jedhan.
Faarfannaa Ol Baʼuu.
130 Yaa Yihowaa, iddoo gad fagoo keessaa sin waammadha.+
2 Yaa Yihowaa, sagalee koo dhagaʼi.
Gurri kee kadhata ani gargaarsa argachuuf dhiheessu xiyyeeffannaadhaan haa dhagaʼu.
5 Yihowaa nan abdadha, guutummaan eenyummaa kootii* isa abdata;
Ani dubbii isaa nan eeggadha.
6 Waardiyyoota lafti bariʼuu isaa eeggatan caalaa,+
Eeyyee, waardiyyoota lafti bariʼuu isaa eeggatan caalaa,
Hawwiidhaan Yihowaa nan eeggadha.+
7 Yihowaan jaalala isaatiin amanamaa waan taʼeef,+
Furuufis humna guddaa waan qabuuf,
Israaʼel Yihowaa eeggachuu isaa itti haa fufu.
8 Inni Israaʼeliin dogoggora isaa hundumaa irraa ni fura.
Faarfannaa Ol Baʼuu. Faarfannaa Daawit.
131 Yaa Yihowaa, garaan koo of tuultuu miti,
Ijji koos of jajjuu miti;+
Ani wantoota baayʼee guguddaa taʼan
Yookiin wantoota humna kootii ol taʼan hin hawwine.+
2 Lakki, kanaa mannaa akkuma mucaa harma guʼee haadha isaa bira jiruutti,
Lubbuu koo* nan tasgabbeesse, nan callisiises;+
Akkuma mucaa harma guʼeetti nan gammade.
3 Ammaa jalqabee bara baraaf,
Israaʼel Yihowaa haa eeggatu.+
Faarfannaa Ol Baʼuu.
132 Yaa Yihowaa, Daawitiin,
Rakkina isaa hundumaas,+
2 Inni akkamitti Yihowaadhaaf akka kakate,
Akkamitti akkana jedhee isa Humna Qabeessa kan Yaaqoobiif wareega akka wareege yaadadhu:+
3 “Ani gara dunkaana koo isa mana koo taʼetti hin seenu.+
Siree koo isa iddoo ciisichaa koo taʼe irra hin ciisu;
4 Ijji koo akka rafu,
Qolli ija kootiis akka mugu hin heyyamu;
5 Kunis Yihowaadhaaf iddoo,
Isa Humna Qabeessa kan Yaaqoobiif bakka jireenyaa gaarii* hamman argadhutti.”+
6 Kunoo, Efraataa+ keessatti waaʼee isaa* dhageenyeerra;
Dirreewwan bosonaa keessattis isa arganneerra.+
9 Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan,
Warri siif amanamoo taʼanis haa ililchan.
11 Yihowaan Daawitiif kakateera;
Inni matumaa isa akkana jedhee dubbate raawwachuu irraa duubatti hin jedhu:
12 Ilmaan kee kakuu koo fi
Yaadachiisawwan koo warra ani isaan barsiisu yoo eegan,+
Ilmaan isaaniis
Bara baraaf teessoo kee irra ni taaʼu.”+
13 Yihowaan Xiyooniin filateera;+
Akkana jechuudhaanis iddoo jireenyaa isaa akka taatu kan barbaadu taʼuu isaa ibseera:+
14 “Kun bara baraaf iddoo boqonnaa koo ti;
Fedhii koo waan taʼeef, as nan jiraadha.+
15 Wantoota barbaachisan ishiidhaaf kennuudhaan baayʼisee ishii nan eebbisa;
Hiyyeeyyii ishii nyaata nan quubsa.+
17 Achitti jabinni* Daawit akka guddatu nan godha.
Isan dibe sanaafis ibsaa qopheesseera.+
18 Diinota isaatti qaanii nan uwwisa,
Gonfoon mataa isaa irra jiru garuu ni dagaaga.”+
Faarfannaa Ol Baʼuu. Faarfannaa Daawit.
133 Ilaa, obboloonni tokkummaadhaan waliin jiraachuun isaanii
Akkam gaarii dha, akkam nama gammachiisas!+
2 Inni akka zayitii gaarii mataa irratti dhangalaʼee+
Hamma areedaatti,
Hamma areeda Aaronitti+ gad buʼuu,
Kolleettaa uffata isaa irras gad yaaʼuu ti.
Achitti Yihowaan eebba isaa,
Jechuunis jireenya bara baraa labseera.
Faarfannaa Ol Baʼuu.
134 Isin tajaajiltoonni Yihowaa hundi,+
Isin warri halkan mana Yihowaa keessa dhaabbattan,
Yihowaa jajadhaa.+
3 Yihowaan inni samii fi lafa tolche,
Xiyoon keessaa si haa eebbisu.
135 Yaahiin jajadhaa!*
Maqaa Yihowaa jajadhaa;
Isin tajaajiltoonni Yihowaa,+
2 Isin warri mana Yihowaa keessa,
Mooraawwan mana Waaqa keenyaa keessa dhaabbattan isa jajadhaa.+
3 Yihowaan gaarii waan taʼeef,+ Yaahiin jajadhaa.
Kun kan nama gammachiisu waan taʼeef, maqaa isaatiif faarfannaa galataa faarfadhaa.*
5 Yihowaan guddaa taʼuu isaa,
Gooftaan keenya waaqolii kaan hundumaa caalaa guddaa+ taʼuu isaa akka gaariitti nan beeka.
6 Yihowaan samii fi lafa irratti, galaanotaa fi iddoowwan gad fagoo hundumaa keessatti
Wanta gochuu barbaade hundumaa ni godha.+
7 Duumessoonni* andaara lafaatii akka ol baʼan ni godha;
Bokkaaadhaaf bakakkaa ni qopheessa;*
Manneen kuusaa isaa keessaa bubbee ni baasa.+
8 Inni namas taʼe horii,
Angafa warra Gibxii rukuteera.+
9 Yaa Gibxii, inni si gidduutti mallattoowwanii fi dinqiiwwan
Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa hundumaa irratti ergeera.+
10 Saboota hedduu rukuteera,+
Mootota jajjaboos ajjeeseera;+
11 Sihoon mootii Amoorotaa,+
Oog mootii Baashaan,+
Akkasumas mootummoota Kanaʼaan hundumaa moʼeera.
12 Biyya isaanii dhaala godhee,
Israaʼel isa saba isaa taʼeef dhaala godhee kenneera.+
13 Yaa Yihowaa, maqaan kee bara baraaf jabaatee dhaabbata.
Yaa Yihowaa, beekamtiin* kee dhaloota hundumaa gidduutti itti fufa.+
15 Waaqolii tolfamoon sabootaa meetii fi warqii,
Warra hojii harka namaa taʼani dha.+
16 Afaan qabu, garuu dubbachuu hin dandaʼan;+
Ija qabu, garuu arguu hin dandaʼan;
17 Gurra qabu, garuu dhagaʼuu hin dandaʼan.
Afaan isaanii keessa hafuurri hin jiru.+
19 Yaa mana Israa’el, Yihowaa jajadhaa.
Yaa mana Aaron, Yihowaa jajadhaa.
20 Yaa mana Leewwii, Yihowaa jajadhaa.+
Isin warri Yihowaa sodaattan, Yihowaa jajadhaa.
Yaahiin jajadhaa!+
136 Inni gaarii waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa;+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.+
3 Gooftaa gooftotaatiif galata galchaa,
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
4 Isa qofatu dinqiiwwan guguddaa raawwata,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.+
6 Lafa bishaanota irra diriirse,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
7 Ifawwan guguddaa tolche,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata,
8 Aduun guyyaa irratti aangoo akka qabaattu godhe,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata,
9 Addeessii fi urjiileen halkan irratti aangoo akka qabaatan godhe,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
10 Angafa warra Gibxii rukute,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
11 Israaʼeliin isaan gidduudhaa baase,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
12 Harka jabaa+ fi irree diriirfameen isaan baase,
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
14 Israaʼel isa gidduu akka darbu godhe,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
15 Fara’oonii fi raayyaa waraanaa isaa Galaana Diimaa keessatti darbate,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
16 Saba isaa lafa onaa keessa geggeesse,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
17 Mootota jajjaboo rukute,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
18 Mootota jajjaboo ajjeese,
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata,
19 Sihoon+ mootii Amoorotaa ni ajjeese,
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata,
20 Oog+ mootii Baashaanis ni ajjeese,
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
21 Biyya isaanii dhaalaan ni kenne,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata,
22 Israaʼel isa tajaajilaa isaa taʼeef dhaalaan ni kenne,
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
23 Yeroo dhiphannee* turretti nu yaadate,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.+
24 Yeroo baayʼee diinota keenya jalaa nu oolche,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
25 Uumama jiraataa* hundumaatiif nyaata ni kenna,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
26 Waaqa samiiwwaniitiif galata galchaa,
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
137 Lageen Baabilon+ bira ni teenye.
Yommuu Xiyooniin yaadannettis ni boonye.+
3 Achitti warri nu boojiʼan faarfannaa tokko akka isaaniif faarfannu nu gaafatan,+
“Faarfannaawwan Xiyoon keessaa isa tokko nuu faarfadhaa”
Jedhanii nutti qoosuudhaan akka isaan bashannansiisnu barbaadan.
4 Biyya ormaa keessatti
Akkamitti faarfannaa Yihowaa faarfachuu dandeenya?
6 Ani yoon si yaadachuu baadhe,
Yerusaalemiin wantan hundumaa caalaa itti gammadu
Gararraa yoon gochuu baadhe,+
Arrabni koo laagaa kootti haa maxxanu.
7 Yaa Yihowaa,
Guyyaa Yerusaalem kuftetti wanta Edoomonni,
“Ishii diigaa! Hamma buʼuurawwan ishiitti ishii diigaa!”+ jechuudhaan dubbatan yaadadhu.
8 Yaa intala Baabilon ishii yeroo dhihootti balleeffamtu nana,+
Inni akkuma nu cunqursitetti si cunqursuudhaan
Gatii kee siif deebisu gammadaa ni taʼa.+
9 Inni ijoollee kee qabee
Qarsaawwanitti gad rukutu gammadaa ni taʼa.+
Faarfannaa Daawit.
138 Garaa koo guutuudhaan sin jajadha.+
Waaqolii kaan duratti
Faarfannaa galataa siif nan faarfadha.*
2 Jaalala kee isa amanamaa fi amanamummaa keetiin kan kaʼe,
Gara mana qulqullummaa* kee isa qulqulluutti nan sagada,+
Maqaa kees nan jajadha.+
Ati wanta kaan hundumaa caalaa dubbii kee fi maqaa keetiif* ulfina kenniteetta.
4 Yaa Yihowaa, waadaa ati dubbatte waan dhagaʼaniif,
Mootonni lafa irraa hundi si jajatu.+
5 Ulfinni Yihowaa guddaa waan taʼeef,+
Isaan waaʼee daandiiwwan Yihowaa ni faarfatu.
7 Balaa gidduu yommuun deemutti illee, ati lubbuudhaan na tursita.+
Harka kee diinota koo warra dheekkaman irratti diriirsita;
Harki kee mirgaa na oolcha.
8 Yihowaan anaaf jedhee wantoota hundumaa ni raawwata.
Yaa Yihowaa, jaalalli kee inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata;+
Hojiiwwan harka keetii hin dhiisin.+
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa.
139 Yaa Yihowaa, ati akka gaariitti na qorte, na beektas.+
2 Yommuun taaʼuu fi yommuun kaʼu ni beekta.+
Yaada koo fagoodhaa ni hubatta.+
4 Dubbiin tokko illee arraba koo irra hin jiru,
Ati garuu yaa Yihowaa, kunoo akka gaariitti isa beekteetta.+
5 Ati duubaa fi fuulduraan na marsita;
Harka kees na irra keessa.
6 Beekumsi akkasii hubannaa kootii oli dha.*
Baayʼee fagoo waan taʼeef, bira gaʼuu* hin dandaʼu.+
7 Hafuura kee jalaa eessattan miliquu dandaʼa?
Fuula kee duraa hoo eessattan baqachuu dandaʼa?+
8 Gara samiitti yoon ol baʼe, ati achi jirta,
Siree koo Awwaala* keessatti yoon afadhes, kunoo ati achi jirta.+
9 Galaana fagoo bira jiraachuuf,
Qoochoowwan barraaqaatiin yoon barrise,
10 Achitti illee harki kee na geggeessa,
Harki kee mirgaas na qaba.+
11 “Dhugumaan dukkanni na dhoksa!” yoon jedhe,
Halkan naannoo koo jiru ifa taʼa.
12 Dukkanni illee siif dukkana miti,
Kanaa mannaa, halkan akkuma guyyaatti ni ifa;+
Dukkanni siif akkuma ifaa ti.+
14 Karaa dinqisiisaa taʼeen tolfamuun+ koo sodaadhaan waan na guutuuf sin jajadha.
Hojiiwwan kee dinqisiisoo dha,+
Kana akka gaariittan beeka.
15 Yommuun dhoksaatti tolfametti,
Yommuun iddoowwan gad fagoo lafaa keessatti walitti hodhametti,
Lafeewwan koo si duraa kan dhokatan hin turre.+
16 Yeroon miciree* turetti illee ijji kee na argeera;
Kutaawwan isaa keessaa tokkoon isaanii iyyuu tolfamuu isaanii dura,
Guyyoota isaan itti tolfaman ilaalchisee,
Hundi isaanii kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.
17 Yaadawwan kee anaaf hammam gatii guddaa qabu!+
Yaa Waaqayyo, idaʼamni isaanii hammam baayʼata!+
18 Isaan lakkaaʼuuf yoon yaale, lakkoofsi isaanii cirracha irra ni baayʼata.+
Yommuun dammaqu, ani amma iyyuu sii wajjinan jira.*+
19 Yaa Waaqayyo, maal taʼa nama hamaa utuu ajjeestee!+
Silaa jalʼoonni,*
20 Warri yaada hamaadhaan* sitti dubbatan na irraa ni fagaatu turan;
Isaan diinota kee warra maqaa kee akkasumaan dhaʼani dha.+
21 Yaa Yihowaa, ani warra si jibban hin jibbuu?+
Warra si irratti kaʼan hoo hin balfuu?+
22 Ani isaan nan jibba;+
Isaan dhugumaan diinota koo taʼaniiru.
23 Yaa Waaqayyo, akka gaariitti na sakattaʼi, garaa koos beeki.+
Na qori, yaadawwan na dhiphisanis* beeki.+
24 Daandiin miidhaa geessisu akkamii iyyuu na keessa yoo jiraate ilaali,+
Daandii bara baraa irras na geggeessi.+
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
140 Yaa Yihowaa, namoota hamoo irraa na oolchi;
Jalʼoota irraa,+
2 Warra garaa isaaniitti wanta hamaa yaadan,+
Warra guyyaa guutuu lola kakaasan irraas na eegi.
3 Isaan arraba isaanii akkuma kan bofaatti qaratu;+
Summiin buutiis afaan isaanii keessa jira.+ (Seelaa)
4 Yaa Yihowaa, harka isa hamaa jalaa na eegi;+
Jalʼoota na gufachiisuuf
Na irratti malatan jalaas na baraari.
5 Warri of tuulan dhoksanii kiyyoo naaf kaaʼu;
Wadarootti fayyadamanii saaphana isaanii daandii koo cinaatti diriirsu.+
Isaan qamaaxira naaf kaaʼu.+ (Seelaa)
6 Ani Yihowaadhaan, “Ati Waaqa koo ti.
Yaa Yihowaa, kadhatan gargaarsa argachuuf dhiheessu dhagaʼi”+ nan jedha.
7 Fayyisaa koo isa cimaa kan taate, yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa,
Guyyaa waraanaatti mataa koo naaf eegda.+
8 Yaa Yihowaa, fedhii nama hamaa isaaf hin guutin.
Isaan akka ol hin kaaneef, malli haxxummaa isaanii milkaaʼina akka argatu hin godhin. (Seelaa)+
9 Mataan warra natti marsanii
Hammina afaan isaaniitiin dubbatameen haa uwwifamu.+
10 Barbadaan isaan irratti haa roobu.+
11 Maqaa balleessituun lafa irratti* iddoo hin qabaatin.+
Namoonni jalʼoota taʼan hamminni isaan haa hordofu, isaan haa rukutus.
12 Yihowaan isa rakkataadhaaf akka falmu,
Hiyyeessaafis haqa akka kennu nan beeka.+
13 Dhugumaan warri qajeeloon maqaa keetiif galata ni galchu;
Faarfannaa Daawit.
141 Yaa Yihowaa, sin waammadha.+
Na gargaaruuf dafii kottu.+
Yommuun si waammadhu xiyyeeffannaadhaan na dhagaʼi.+
2 Kadhannaan koo si duratti akkuma ixaana+ qopheeffamee,
Harki koo inni ol kaafames akkuma aarsaa midhaanii galgalaa naaf haa taʼu.+
3 Yaa Yihowaa, afaan kootiif eegduu dhaabi,
Balbala afaan kootii akkan eeggadhu na gargaari.+
4 Jalʼootaa wajjin gochawwan hamminaa irratti akkan hin hirmaanneef,
Garaan koo gara wanta hamaatti akka goru hin godhin;+
Ani matumaa nyaata isaanii isa gaarii nyaachuu hin barbaadu.
5 Kun gocha jaalala amanamaa argisiisu waan taʼeef, namni qajeelaan na haa rukutu;+
Kun akkuma zayitii mataa koo irratti dhangalaʼuu waan taʼeef, inni na haa adabu,+
Mataan koos kana matumaa hin didu.+
Yeroo rakkinni isaan irra gaʼetti illee kadhannaa dhiheessuu koo ittan fufa.
6 Abbootiin murtii isaanii qarqara hallayyaa irraa yoo darbataman illee,
Kan nama gammachiisu waan taʼeef, namoonni dubbii koo xiyyeeffannaadhaan ni dhagaʼu.
7 Akkuma namni tokko yommuu lafa qotuu fi bulleessu godhutti,
Lafeewwan keenyas afaan Awwaalaa* biratti ni bittinnaaʼan.
8 Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ijji koo garuu gara kee ni ilaala.+
Ani sitti kooluu galeera.
Lubbuu koo hin balleessin.*
9 Mangaagaa kiyyoo isaan naaf kaaʼanii jalaa,
Qamaaxira warra hammina hojjetanii jalaas na eegi.
10 Hamoonni walumaan saaphanuma isaanii keessatti ni kufu;+
Ani garuu nagaadhaan achiin nan darba.
Maaskiil.* Kadhannaa Daawit yeroo holqa keessa turetti+ dhiheesse.
142 Sagalee koo ol kaasee gargaarsaaf gara Yihowaatti nan iyyadha;+
Sagalee koo ol kaasee Yihowaan gaarummaa akka natti argisiisu kadhata nan dhiheessa.
2 Yaaddoo koo isa duratti nan dhangalaasa;
Waaʼee dhiphina kootii isa duratti nan dubbadha,+
3 Yommuu hafuurri* koo na keessatti dadhabutti isatti nan iyyadha.
Atis daandii koo ni argita.+
Isaan daandiin irra deemu irratti
Dhoksaatti kiyyoo naaf kaaʼu.
5 Yaa Yihowaa, gargaarsa argachuuf sin waammadha.
6 Baayʼee waanan gad qabameef,
Iyyan gargaarsa argachuuf dhageessisu xiyyeeffannaadhaan dhagaʼi.
Isaan na caalaa ciccimoo waan taʼaniif,
Warra na ariʼatan jalaa na oolchi.+
7 Maqaa kee akkan jajadhuuf,
Mana hidhaa keessaa na* baasi.
Ati gaarummaadhaan waan na qabdeef,
Warri qajeeloon naannoo kootti walitti haa qabaman.
Faarfannaa Daawit.
143 Yaa Yihowaa, kadhannaa koo dhagaʼi;+
Kadhatan gargaarsa argachuuf dhiheessu dhaggeeffadhu.
Amanamummaa kee fi qajeelummaa keetiin deebii naaf kenni.
2 Namni lubbuudhaan jiru kam iyyuu si duratti qajeelaa taʼuu waan hin dandeenyeef,+
Ana tajaajilaa kee murtiitti hin dhiheessin.
3 Diinni na* ariʼa;
Inni lubbuu koo lafatti dabaleera.
Akkuma warra yeroo dheeraa dura duʼaniitti dukkana keessa akkan jiraadhu godheera.
5 Guyyoota durii nan yaadadha;
Gocha kee hundumaa irratti nan xiinxala;+
Fedhii guddaadhaan hojii harka keetii irratti nan yaada.*
Fuula kee na duraa hin dhoksin,+
Taʼuu baannaan, akkuma warra gara boollaatti* gad buʼanii nan taʼa.+
8 Sitti waanan amanamuuf,
Ganama jaalala kee isa amanamaa akkan dhagaʼu godhi.
9 Yaa Yihowaa, diinota koo jalaa na oolchi.
Eegumsa kee nan barbaada.+
10 Waaqa koo waan taateef,
Fedhii kee raawwachuu na barsiisi.+
Hafuurri kee gaarii dha;
Inni lafa wal qixa taʼe irra* na haa geggeessu.
11 Yaa Yihowaa, maqaa keetiif jedhiitii lubbuudhaan na tursi.
Qajeelummaa keetiin dhiphina jalaa na* oolchi.+
Faarfannaa Daawit.
2 Inni isa jaalala amanamaa natti argisiisuu fi isa dahoo koo taʼe dha,
Inni iddoo amansiisaa ani kooluu itti galuu* fi isa na oolchu,
Gaachana koo fi isa ani gaaddisa godhadhe dha,+
Inni saboonni akka anaaf bitaman godha.+
3 Yaa Yihowaa, akka isa yaadattuuf namni maali dha?
Akka xiyyeeffannaa isaaf kennituufis ilmi nama duʼuu maali dha?+
6 Bakakkaan akka balaqqeessaʼu godhiitii diina bittinneessi;+
Xiyyawwan kee darbadhuutii isaan burjaajessi.+
7 Gubbaadhaa harka kee diriirsi;
Bishaanota jeeqaman jalaa,
Harka* namoota biyya ormaa jalaa na oolchi, na baraaris;+
8 Isaan afaan isaanii dhara dubbata,
Sobaan kakachuufis harka mirgaa isaanii kaasu.*
9 Yaa Waaqayyo, faarfannaa haaraa siif nan faarfadha.*+
Meeshaa muuziqaa ribuu kudhan qabuun faarfannaa galataa siif nan faarfadha;
10 Inni moototaaf injifannoo* kenna,+
Tajaajilaa isaa Daawitiin goraadee nama galaafatu jalaa ni oolcha.+
11 Harka namoota biyya ormaa,
Warra afaan isaanii dhara dubbatu,
Sobaan kakachuufis harka mirgaa isaanii kaasan jalaa na oolchi, na baraaris.
12 Sana booda, ijoolleen dhiiraa keenya akkuma biqiltoota dafanii guddatanii,
Ijoolleen durbaa keenyas akkuma utubaawwan golee mana mootummaatiif bocamanii ni taʼu.
13 Gootaraawwan keenya oomisha akaakuu hundumaatiin ni guutamu;
Bushaayeewwan dirree keenya keessa jiran kumaatama, kumaatama kudhanis ni taʼu.
14 Loon keenya warri dhaluu jala gaʼan hin miidhaman, hin gatatanis;
Addabaabayiiwwan keenya keessattis iyyi dhiphinaa hin dhagaʼamu.
15 Sabni wanti kun isaaf raawwatamu gammadaa dha!
Sabni Waaqni isaa Yihowaa taʼe gammadaa dha!+
Faarfannaa galataa Daawit.
א [Aleef]
ב [Beet]
ג [Giimel]
3 Yihowaan guddaa fi hundumaa caalaa jajamuun kan isaaf malu dha;+
ד [Daalet]
4 Dhaloonni tokko dhaloota kaanitti hojiiwwan kee ni labsa;
Isaan waaʼee gochawwan kee warra jajjaboo taʼanii ni himu.+
ה [Hii]
5 Waaʼee guddinaa fi simboo ulfina keetii ni dubbatu,+
Anis hojiiwwan kee warra dinqisiisoo taʼan irratti nan xiinxala.
ו [Waaw]
ז [Zaayin]
7 Isaan gaarummaa kee isa hedduu taʼe yommuu yaadatan gammachuudhaan dubbatu,+
Qajeelummaa keetiin kan kaʼes ni ililchu.+
ח [Heet]
8 Yihowaan gara laafessaa* fi araara qabeessa,+
Aariidhaaf suuta kan jedhuu fi jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe dha.+
ט [Teet]
9 Yihowaan uumamawwan hundumaatiif gaarii dha,+
Gara laafinni isaas hojiiwwan isaa hundumaa irratti mulʼata.
י [Yood]
כ [Kaaf]
11 Isaan ulfina mootummaa keetii ni labsu,+
Waaʼee jabina keetiis ni dubbatu,+
ל [Laamed]
12 Kanas kan godhan, gochawwan kee warra jajjaboo,+
Simboo mootummaa keetii+ isa ulfina qabeessa taʼes namootatti beeksisuufi.
מ [Meem]
13 Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti,
Bulchiinsi kee dhaloota hundumaa keessatti jabaatee dhaabbata.+
ס [Saamek]
ע [Ayiin]
15 Ijji hundi abdiidhaan gara kee ilaala;
Atis nyaata isaanii waqtii isaatti isaaniif kennita.+
פ [Pee]
צ [Tsadee]
ק [Qoof]
18 Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti,
ר [Reesh]
19 Inni fedhii warra isa sodaatanii ni quubsa;+
Iyya gargaarsa argachuuf dhageessisan ni dhagaʼa, isaan ni oolchas.+
ש [Shiin]
ת [Taaw]
21 Afaan koo jajannaa Yihowaa ni labsa;+
Uumamni jiraataan* hundi baraa hamma bara baraatti maqaa isaa isa qulqulluu haa jajatu.+
Guutummaan eenyummaa kootii* Yihowaa haa jajatu.+
2 Umurii koo guutuu Yihowaa nan jajadha.
Hamman lubbuudhaan jirutti Waaqa kootiif faarfannaa galataa nan faarfadha.*
5 Namni Waaqni Yaaqoob gargaaraa isaa taʼe,+
Namni Waaqa isaa Yihowaa abdatus gammadaa dha;+
6 Samii, lafa,
Galaanaa fi wantoota isaan keessa jiran hundumaa kan tolche isa dha;+
Inni yeroo hundumaa amanamaa dha;+
7 Warra gowwoomfamaniif haqa kan argamsiisu,
Warra beelaʼaniifis nyaata kan kennu isa dha.+
Yihowaan hidhamtoota ni hiika.+
8 Yihowaan ija qaro dhabeeyyii ni bana;+
Yihowaan warra gombifaman ol ni kaasa;+
Yihowaan qajeelota ni jaallata.
9 Yihowaan namoota biyya ormaa ni eega;
Mucaa abbaa hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼe ni gargaara,+
10 Yihowaan bara baraaf Mootii ni taʼa;+
Yaa Xiyoon, Waaqni kee dhalootaa hamma dhalootaatti mootii ni taʼa.
Yaahiin jajadhaa!*
Waaqa keenyaaf faarfannaa galataa faarfachuun* gaarii dha;
Isa jajachuun nama gammachiisa, sirrii dhas!+
2 Yihowaan Yerusaalemiin ni ijaara;+
Inni jiraattota Israaʼel warra bittinneeffaman walitti ni qaba.+
5 Gooftaan keenya guddaa dha, humni isaas jabaa dha;+
Hubannaan isaa bira gaʼamuu kan hin dandeenye dha.+
7 Galateeffannaadhaan Yihowaa faarfadhaa;
Waaqa keenyaaf baganaadhaan faarfannaa galataa faarfadhaa;
8 Inni samiiwwan duumessootaan ni uwwisa,
Lafaaf bokkaa ni kenna,+
Gaarota irratti marga ni biqilcha.+
12 Yaa Yerusaalem, Yihowaadhaaf ulfina kenni.
Yaa Xiyoon, Waaqa kee jajadhu.
13 Inni danqaraawwan karra magaalaa keetii ni cimsa;
Ilmaan kee warra si keessatti argaman ni eebbisa.
15 Inni ajaja isaa gara lafaatti erga;
Dubbiin isaas saffisaan fiiga.
17 Cabbiiwwan guguddaa akkuma caccabaa daabbootti gad daddarbata.+
Qorra isaa dura eenyutu dhaabbachuu dandaʼa?+
18 Dubbii isaa ni erga, isaanis ni baqu.
Bubbeen isaa akka bubbisu godha,+ bishaanonnis ni yaaʼu.
20 Inni saba kan biraa kamiif iyyuu akkana hin goone;+
Isaan waaʼee murtiiwwan isaa homaa hin beekan.
148 Yaahiin jajadhaa!*
Samiiwwan irraa Yihowaa jajadhaa;+
Ol gubbaa keessatti isa jajadhaa.
2 Maleekonni isaa hundi isa jajadhaa.+
Guutummaan raayyaa isaa+ isa jajadhaa.
3 Aduu fi addeessi isa jajadhaa.
Urjiileen ibsitan hundi isa jajadhaa.+
4 Samiiwwan warri hunda irra caalaa ol gubbaa jirtan,*
Bishaanonni samiiwwanii olitti argamtanis isa jajadhaa.
5 Inni ajajuu isaatiin waan uumamaniif,+
Isaan maqaa Yihowaa haa jajatan.
7 Lafa irraa Yihowaa jajadhaa,
Isin uumamawwan galaanaa guguddaa taatanii fi bishaanonni gad fagoon hundi,
8 Isin bakakkaan, cabbii guguddaan, cabbiinii fi duumessi cimaan,
Ati obomboleettiin inni dubbii isaa raawwattu,+
9 Isin gaaronni, tabbawwan hundis,+
Isin mukeetiin firii godhattan, mukeetiin gaattiraa hundis,+
10 Isin bineensonni bosonaa,+ horiiwwan qeʼee hundis,
Isin uumamawwan munyuuqxanii fi simbirroonni baallee qabdan,
11 Isin mootonni lafaa, saboonni hundis,
Isin bulchitoonni, abbootiin murtii lafaa hundis,+
12 Isin dardarrii fi shamarran,*
Maanguddoonnii fi ijoolleen waliin isa jajadhaa.
Ulfinni isaa lafaa fi samiidhaa oli.+
14 Inni warri isaaf amanamoo taʼan hundi akka jajamaniif jedhee,
Jabina* saba isaa,
Jabina ilmaan Israaʼel warra isatti dhihoo jiranii ol ni kaasa.
Yaahiin jajadhaa!*
149 Yaahiin jajadhaa!*
3 Shubbisaan+ maqaa isaa haa jajatan,
Dibbee fi baganaadhaanis faarfannaa galataa isaaf haa faarfatan.*+
4 Yihowaan saba isaatti ni gammada.+
Garraamota fayyina ni gonfachiisa.+
5 Warri amanamoon ulfinaan haa gammadan;
Isaan siree isaanii irratti haa ililchan.+
6 Faarfannaawwan Waaqayyoon jajachuuf dhihaatan qoonqoo isaanii keessa,
Goraadeen karaa lamaan qarames harka isaanii keessa haa jiraatu;
7 Kunis kan taʼu, saboota irratti haaloo baʼuuf,
Namootas adabuuf,
8 Mootota isaanii funcaadhaan,
Guguddoota isaaniis hidhaa sibiilaatiin hidhuuf,
9 Murtii barreeffames isaan irratti raawwachiisuufi.+
Warri isaaf amanamoo taʼan hundi ulfina kana ni argatu.
Yaahiin jajadhaa.*
Iddoo isaa isa qulqulluu keessatti Waaqayyoon jajadhaa.+
Samii isa jabina isaa mulʼisu* keessatti isa jajadhaa.+
2 Hojiiwwan isaa warra jajjaboo taʼaniif isa jajadhaa.+
Guddina isaa isa gita hin qabneef isa jajadhaa.+
3 Sagalee xurumbaa+ dhageessisuudhaan isa jajadhaa.
Meeshaa muuziqaa ribuu qabuu fi baganaadhaan+ isa jajadhaa.
4 Dibbeedhaan,+ walitti marsitanii shubbisaas isa jajadhaa.
Meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii+ fi ululleedhaan*+ isa jajadhaa.
5 Siimbaalii* sagalee guddaa qabuun isa jajadhaa.
Siimbaalii walitti rukutamuun+ isa jajadhaa.
6 Wanti hafuura baafatu hundi Yaahiin haa jajatu.
Ykn., “Seera isaa irrattis halkanii fi guyyaa ni xiinxala.”
Ykn., “irratti xiinxalan.”
Ykn., “gorsa fudhatanii.”
Ykn., “Kiristoos isaa.”
Ykn., “akeekkachiifamaa.”
Kal., “Ilma isaa dhungadhaa.”
Kal., “inni.”
Ykn., “waaʼee lubbuu koo.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “iddoo balʼaa.”
Ykn., “adda akka baasu; ofii isaatiif akka foʼatu.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “nama dhiiga dhangalaasuu fi warra kaan gowwoomsu.”
Ykn., “iddoo qulqulluu.”
Ykn., “Arraba laafaatti fayyadamu.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “gara laafina.”
Ykn., “lubbuun koo.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “hin yaadatan.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “sireen koo akka bishaan daaku nan godha.”
Ykn., “ni dulloome.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn tarii, “Isa sababii malee na mormu oolcheera yoon taʼe.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “garaa fi kalee.”
Ykn., “balaaleffannaa isaa ni darbata.”
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn tarii, “Ati isa ulfinni kee samiiwwanii olitti dubbatame dha.”
Ykn., “maleekota.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Ykn., “lafa oomisha kennituuf.”
Ykn., “ol kaʼaa taʼe.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “fedhii lubbuu.”
Ykn tarii, “Inni sassattuunis of ni eebbisa.”
Ykn., “of bokoksa.”
Ykn., “hin gatantaru.”
Ykn., “bosona.”
Ykn., “qeensa isaa isa cimaa.”
Ykn., “warri jalaa duʼan.”
Ykn., “lubbuu kootiin akkana jettu?”
Ykn., “inni ifus.”
Ykn., “Lubbuun isaa; Eenyummaan isaa.”
Kal., “irratti kiyyoo ni roobsa.”
Ykn., “gaarummaa isaa ni argu.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “Hidhii laafaadhaan ni dubbatu.”
Kal., “garaa tokkoo fi garaa tokkoon.”
Ykn., “isaan irratti of bokoksan.”
Ykn tarii, “iddoo ibiddaa lafa irratti dhaabamuu fi sibiilli itti baqfamu.”
Kal., “duʼaan hin rafneef.”
Ykn., “Namni hubannaa hin qabne.”
Ykn., “amanamummaadhaan.”
Ykn., “Michoota isaa hin qaanessu.”
Kal., “kakaa.”
Ykn., “hin gatantaru.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “miirri koo inni gad fagoon.” Kal., “kaleen koo.”
Ykn., “hin gatantaru.”
Kal., “ulfinni koos.”
Ykn., “Foon koos tasgabbiidhaan ni jiraata.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn tarii, “akka tortoru.”
Kal., “wajjin.”
Ykn., “Gad jedhii na dhaggeeffadhu.”
Jechuunis, goflaa.
Ykn., “lubbuu irratti kaʼan.”
Ykn., “Isaan cooma isaaniitiin marfamaniiru.”
Ykn., “Lafatti nu darbachuuf.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “sirna.”
Ykn., “Bifa kee.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “fayyisaa koo isa humna qabeessaa.”
Ykn., “ol kaʼaa taʼe.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Mukukkullis.”
Ykn., “Qoochoowwan bubbee.”
Ykn., “boʼoowwan bishaanii.”
Ykn., “iddoo balʼaa.”
Kal., “Ijoota of tuulan.”
Ykn., “Gulubiin; Koronyoon.”
Ykn., “Ati dugda diinota kootii naaf kennita.”
Kal., “callisiisa.”
Ykn., “ni bututu.”
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Ykn., “injifannoowwan.”
Ykn tarii, “wadaroon safaraa.”
Ykn., “lafa oomisha kennituutti.”
Ykn., “lubbuu haaressa (namatti deebisa).”
Jechuunis, qulqulluu.
Ykn., “qulqulleeffame.”
Ykn., “balleessaa hedduu.”
Kal., “akka coometti haa ilaalu.”
Ykn., “Gorsa.”
Ykn., “injifannoo.”
Ykn., “qulqulleeffame.”
Kal., “dheerina guyyootaa.”
Kal., “Gammachuu fuula keetiin.”
Ykn., “hin gatantaru.”
Kal., “firii.”
Kal., “wadaroo iddaa.”
Kal., “fuula isaaniitti.”
Kal., “ni faarfanna, muuziqaas ni qopheessina.”
Tarii rukuttaa muuziqaa ykn bifa muuziqaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “sii dhiheessu gidduutti (irratti) moosifamteetta.”
Ykn., “na arrabsan.”
Kal., “si irratti gatameera.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Kal., “Takkittii tiyya,” lubbuu isaa ykn jireenya isaa argisiisa.
Kal., “rakkina nama cunqurfamee.”
Kal., “Garaan keessan bara baraaf haa jiraatu.”
Kal., “Warri coccoomoon.”
Ykn tarii, “Gara bishaan tasgabbaaʼaatti.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “laaffista.”
Kun lubbuu Yihowaa isa namichi ittiin kakatu kan argisiisu dha.
Ykn., “haqa.”
Ykn., “kaʼaa.”
Ykn., “lubbuu koo sitti ol nan kaasa.”
Ykn., “Warra bara duriitii jalqabee jiran.”
Kal., “haqa.”
Ykn., “Lubbuun isaa.”
Kal., “furi.”
Ykn., “Miira koo isa gad fagoo.” Kal., “Kalee koo.”
Kal., “wajjin hin taaʼu.”
Ykn., “Warra fakkeessitoota taʼanitti hin makamu.”
Kal., “wajjin taaʼuus.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “dhiiga dhangalaasanii.”
Kal., “Na furi.”
Kal., “Yaaʼiiwwan.”
Ykn., “Iddoo qulqulluu.”
Ykn., “irratti xiinxaluudhaan.”
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Ykn., “Lubbuu.”
Ykn tarii, “Yommuun lubbuudhaan jirutti gaarummaa Yihowaa akkan argu amantii akkan qabu mirkanaaʼaa dha.”
Ykn., “awwaalatti.”
Ykn tarii, “Ulfina qulqullummaa isaatiin kan kaʼe.”
Ykn., “Yihowaa waaqeffadhaa.”
Kun gaarreen wal qabatoo Libaanon kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Ykn., “garba samiitii.”
Ykn., “na harkisteef.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “awwaalatti.”
Ykn., “muuziqaa qopheessaa.”
Kal., “Yaadannoo.”
Ykn., “Milkiin.”
Ykn., “hin gatantaru.”
Ykn., “milkii.”
Kal., “Dhiigni.”
Ykn., “awwaalatti.”
Ykn., “ulfinni koo faarfannaa galataa siif ni faarfata.”
Ykn., “Gad jedhii na dhaggeeffadhu.”
Ykn., “amanamaa.”
Ykn., “dhiphina lubbuu kootii.”
Ykn., “iddoo balʼaa.”
Ykn., “lubbuu koo fi garaa koos.”
Ykn., “garaa.”
Ykn., “okkotee.”
Kal., “Yeroowwan.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “lola arrabaa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “dhiifame.”
Ykn., “natti gadduun.”
Ykn., “Jiidhinni lubbuu kootii jijjiirameera.”
Kal., “sitti.”
Kun miʼa fuula fardaa ykn gaangee irratti garanaa fi garasiin kaaʼamu dha.
Ykn., “muuziqaa qopheessaa.”
Kal., “raayyaan waraanaa isaanii.”
Ykn., “gorsa.”
Ykn., “Yaada.”
Ykn., “Gorsi.”
Ykn., “injifannoo.”
Ykn., “lubbuu isaanii.”
Ykn., “Lubbuun keenya.”
Ykn., “gaddetti.”
Kal., “abdii kutatanis.”
Gaachana xixinnoo yeroo baayʼee warri xiyya darbatan qabatan.
Ykn., “lubbuu kootiif.”
Ykn., “lubbuu kootti.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “bobaa kootti deebiʼettis.”
Ykn tarii, “bixxillee tokkoof jedhanii qoosu.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Kal., “Takkittii tiyya,” lubbuu isaa ykn jireenya isaa argisiisa.
Ykn., “Ishoo! Lubbuu keenya.”
Ykn., “irratti xiinxala.”
Kal., “akka gaarreen Waaqayyoo.”
Ykn., “fayyisa.”
Kal., “cooma.”
Ykn., “hin finiinin.”
Kal., “Yihowaa irratti gati.”
Ykn., “Obsaanis.”
Ykn tarii, “Aariin miidhaatti si geessuu waan dandaʼuuf, hin aarin.”
Jechuunis, qaluuf.
Ykn., “ni hidhu.”
Kal., “guyyoota warra balleessaa hin qabnee.”
Ykn., “gaarummaa ni argisiisa.”
Ykn., “ni cimsa.”
Ykn., “harka isaatiin.”
Kal., “daabboo.”
Ykn., “sagalee isaa gad qabee ogummaa dubbata.”
Ykn., “Isa amanamummaa isaa eegu.”
Ykn., “yaadannoodhaaf.”
Kal., “foon koo irra iddoon nagaa taʼe hin jiru.”
Kal., “Guutummaan mudhii koo.”
Ykn., “akkan gadoodu.”
Kal., “jiraatoo.”
Ykn tarii, “Diinonni koo sababa malee na jibbanis hedduu dha.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “kakaʼeera.”
Kal., “ni hoʼe.”
Ykn., “aadu.”
Ykn., “yeroodhaaf qofa kanan turu akkan taʼe.”
Kal., “hamma barruu harkaa.”
Kal., “Akkanumaan ni waca.”
Ykn., “qubataa.”
Ykn., “Ani Yihowaa obsaan nan eeggadhe.”
Ykn., “na dhaggeeffachuuf gad jedhee.”
Ykn., “sobduu.”
Ykn., “kennaatti hin gammanne.”
Ykn., “hawwii koo ti.”
Ykn., “hawwii; lubbuu.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “natti garagaleera.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuun koo si.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “suuta jedhee.”
Ykn., “Gaara isa xinnaa.”
Ykn tarii, “akka waan lafee koo caccabsaniitti.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “fayyina guddaa.”
Ykn., “kenni.”
Ykn., “Gatii isaan gurguruudhaan argatteenis.”
Kal., “mammaaksa nu goote.”
Kal., “nu furi.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “Hojiiwwan.”
Ykn., “barreessaa.”
Ykn., “milkaaʼinaaf.”
Kal., “si barsiisa.”
Kal., “teessoo kee ti.”
Ykn., “haqaa.”
Akaakuu mukaa foolii urgaaʼu qabuu fi bara duriitti akka urgooftuutti tajaajilu dha.
Muka akaakuu qarafaa taʼe.
Kal., “miidhagdee keessa teesseetti.”
Kal., “foʼaa warqii irraa tolfameen.”
Ykn tarii, “qamisii.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “ol kaʼaa taʼe.”
Ykn tarii, “Gaachanootas.”
Ykn., “gaanfa korbeessa hoolaa; malakataa.”
Ykn., “muuziqaa qopheessaa.”
Kal., “gaachanoonni.”
Ykn., “ol kaʼaa taʼe.”
Ykn., “beellamaan wal arganiiru.”
Kal., “Ijoolleen durbaa.”
Ykn., “Dallaawwan ishii warra jajjaboo.”
Ykn tarii, “hamma duunutti.”
Ykn., “sirnichaa.”
Kal., “Ilmaan sanyii namootaas taʼan ilmaan namaa.”
Kal., “dogoggora.”
Ykn., “awwaala.”
Ykn., “Siʼooliif,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Siʼooltu,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “harka.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “lubbuu isaa.”
Ykn., “bahaa hamma dhihaatti.”
Kal., “Korbeeyyii reʼee.”
Ykn., “qajeelfama.”
Kal., “of duubatti darbatta.”
Ykn., “isaa wajjin taata.”
Ykn., “Ilma haadha keetii maqaa balleessita.”
Ykn., “sammuu koo keessa.”
Kal., “Ani si irratti qofa.”
Ykn., “Ani yeroo haati tiyya na ulfoofte irraa jalqabee cubbamaa dha.”
Ykn., “Eenyummaa koo isa dhokataa.”
Ykn., “dhoksi.”
Kal., “Hafuura fedhii qabaachuutiin na deggeri.”
Ykn., “gaddee.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “dahoo.”
Kal., “Rakkoowwan ofii isaattis.”
Ykn., “isa hamaas gaaddisa godhateera.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “hubannaa hin qabne.”
Ykn tarii, “Bakka wanti nama sodaachisu hin jirretti ni sodaatu.”
Kal., “sitti marsanii.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Isaan Waaqayyoon of dura hin kaaʼan.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Kal., “cal jechisiisi.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Yommuun gargaarsa argachuuf kadhannaa dhiheessu hin dhokatin.”
Ykn., “makoodii; andarii.”
Kal., “arraba isaanii hiri.”
Ykn., “nama gita koo taʼe.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “nan jeeqamas.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Kal., “na fura.”
Jechuunis, michuu isaa isa durii isa lakk. 13 fi 14 irratti caqasame.
Ykn., “gatantaru.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “wanta nama miidhu natti dubbachaa.”
Kal., “Foon.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Lubbuun koo.”
Ykn., “Lubbuun koo.”
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “gadameessa irraa.”
Ykn., “mancaʼoo dha.”
Ykn., “leencota saafelaa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “manichaatti.”
Ykn., “Warra dhiiga dheebotan.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “ni dutu.”
Ykn., “maddu.”
Ykn., “ol kaʼaa taʼe.”
Ykn., “haa dutan.”
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn tarii, “kenniteetta.”
Ykn tarii, “iddoo isaa isa qulqulluu keessaa.”
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Kal., “dahoo.”
Afaan Ibrootaatiin jechi kun ulee dheeraa kan argisiisu yeroo taʼu, uleen kun mirga ajajaan tokko ajaja kennuuf qabu kan bakka buʼu dha.
Ykn tarii, “dallaa dhagaa qabdutti.”
Ykn., “humna dhabutti.”
Kal., “Guyyoota.”
Ykn., “Waaqayyo dura ni jiraata.”
Ykn., “ramadi.”
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “ol kaʼaa taʼe.”
Ykn tarii, “Hundi keessan akka waan inni dallaa jalʼatee fi dallaa dhagaa jiguuf jedhu taʼetti isa haleeltu.”
Ykn., “ulfina isaa.”
Ykn., “yaa lubbuu koo, calluma jedhii Waaqayyoon eeggadhu.”
Ykn., “isa duratti dhangalaasaa.”
Ykn., “Lubbuun koo si dheebotti.”
Kal., “Foon koo.”
Ykn., “lubbuun koo waan.”
Ykn., “na ajjeesuu.”
Ykn., “jeedalootaas.”
Ykn., “ni boona.”
Ykn., “Isaan wanta hamaa raawwachuuf wal jajjabeessu.”
Ykn., “ni boonu.”
Kal., “foon.”
Ykn., “Iddoo qulqulluu.”
Kal., “Inni.”
Kal., “Irraa hafaa akka taatu.”
Ykn., “sararawwan isaas.”
Kal., “cooma kan coccobsu dha.”
Kal., “coccobu.”
Ykn., “Dirreewwan gad buʼoon.”
Ykn., “muuziqaa qopheessi.”
Ykn., “gatantaru.”
Kal., “mudhii keenya.”
Kal., “mataa keenya.”
Ykn., “lubbuu kootiif.”
Ykn., “isaaf ulfina ni kenna.”
Ykn., “muuziqaa qopheessaa.”
Ykn tarii, “duumessoota irra.”
Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Kal., “abbaa murtii dha.”
Ykn., “finciltoota.”
Kal., “dura baatetti.”
Kal., “ni cobe.”
Kal., “Dhaala.”
Ykn tarii, “gola hoolotaa.”
Ykn., “magariisa gara keelloo.”
Ykn., “Akka waan Zaalmon keessatti cabbiin buʼee ni taʼe.”
Ykn., “gaara ulfina qabeessa dha.”
Ykn., “hawwetti.”
Ykn., “yakka isaa keessa asii fi achi deemu.”
Kal., “Yaaʼiiwwan.”
Ykn tarii, “irra ejjetanitti.”
Ykn tarii, “Ambaasaaddaroonni Gibxii keessaa ni dhufu.”
Ykn., “muuziqaa qopheessaa.”
Kal., “duumessoota.”
Kal., “kee.”
Ykn., “lubbuu kootti waan dhufaniif.”
Ykn., “Warri sababa malee diinota koo taʼan.”
Ykn tarii, “Yommuun booʼee fi soometti.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Kal., “mammaaksa.”
Ykn., “boolli.”
Ykn., “Lubbuu kootti dhihaadhuutii ishii furi.”
Ykn., “ani abdii kutachuu jala gaʼeera.”
Ykn., “biqiltuu summaaʼaa.”
Kun gosa kiyyoo ti.
Ykn., “Buufanni isaanii inni dallaa dhagaa qabu.”
Ykn., “Kitaaba jireenyaa.”
Jechuunis, biyyattiis.
Ykn., “yaadannoodhaaf.”
Ykn., “Gad jedhii na dhaggeeffadhu.”
Ykn., “ati amanannaa koo ti.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “lakkoofsaa.”
Kal., “irree.”
Ykn., “Bishaan.”
Ykn., “muuziqaa siif nan qopheessa.”
Ykn., “waan furteef.”
Ykn., “ni xiinxala.”
Kal., “murtii haa kennu.”
Kal., “ni lata.”
Jechuunis, Efraaxis.
Ykn., “ni bulcha.”
Ykn., “lubbuu isaanii ni fura.”
Ykn., “of jajanitti.”
Ykn., “Garaan isaanii coomeera.”
Kal., “Coomni.”
Kal., “dhaloota ilmaan keetii.”
Kal., “ni tuffatta.”
Kal., “Kaleewwan koo keessattis.”
Ykn., “amanamaa utuu hin taʼin hafuudhaan.”
Kal., “cal jechisiista.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “aara.”
Kal., “Yaaʼii kee isa.”
Ykn., “yaaʼii.”
Ykn., “Iddoowwan Waaqayyo itti waaqeffatamu.”
Ykn., “dachaʼaa uffata kee.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Madda ifaas.”
Kal., “Gaanfa.”
Kal., “Gaanfa.”
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Kal., “Gaanfa.”
Kal., “Gaanfa.”
Ykn., “Ati ifaan marfamteetta.”
Kal., “hafuura.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “hadoodee.”
Kal., “hafuurri koo dadhabeera.”
Ykn., “muuziqaa meeshaa muuziqaa ribuu qabuun taphatamu.”
Kal., “Hafuurri koo dhimmee qorannaa godha.”
Ykn., “na waraanu.”
Kal., “harka isaa mirgaa.”
Kal., “Irree.”
Kal., “furteetta.”
Ykn., “lafa oomisha kennitu.”
Kal., “harka.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “barumsa.”
Kal., “hin qophoofne.”
Ykn., “girgiddaatti.”
Ykn., “Lubbuu isaaniitiif nyaata.”
Kal., “qoran.”
Ykn., “maleekotaa.”
Ykn., “isaaniif haaloo baʼu.”
Kal., “haguuga.”
Ykn tarii, “Hafuurri akka deemuu fi deebiʼee akka hin dhufne.”
Ykn., “ni dhukkubsan.”
Kal., “Harka.”
Kal., “fure.”
Ykn tarii, “dhaqna gubaatti.”
Ykn., “lubbuu isaanii.”
Kal., “jireenya isaanii.”
Kal., “qoruu.”
Ykn., “hinaaffaadhaaf.”
Kal., “Durboonni isaa hin jajamne.”
Kal., “akka iddoowwan ol kaʼootti ni ijaare.”
Kal., “haguugi.”
Kal., “Ilmaan duʼaa.”
Ykn tarii, “bilisa baasuuf.”
Kal., “irree.”
Ykn tarii, “kiruubelota gidduu.”
Ykn., “Carallaa kee mulʼisi.”
Kal., “aariidhaan.”
Jechuunis, Efraaxis.
Ykn., “Jirma muka wayinii.”
Ykn., “damee.”
Kal., “dheekkamsa fuula keetiitiin.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “qooqa.”
Kal., “Iddoo dhokannaa kakawwee keessatti.”
“Wal Loluu” jechuu dha.
Kal., “Gorsa isaaniitiin ni deeman.”
Kal., “Yeroon isaaniis.”
Kal., “cooma qamadii.”
Kal., “isa,” jechuunis, saba Waaqayyoo.
Ykn., “yaaʼii Waaqayyoo.”
Ykn., “Warra akka waaqaa taʼan.”
Ykn., “murtii kennaa.”
Ykn., “akka waaqaa ti.”
Ykn., “mataa isaanii ol qabaa.”
Kal., “Warra dhokfaman.”
Kal., “Garaa tokkoon wal gorsu.”
Ykn., “kakuu.”
Kal., “irree taʼu.”
Ykn., “laga gogaa.”
Ykn., “Geggeessitoota.”
Kal., “guuti.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “baayʼee jaallatamaa dha.”
Ykn., “Lubbuun koo.”
Ykn., “sulula tusii baakaa.” Jechi, “baakaa” jedhu jecha Afaan Ibrootaa ti. Maalummaan biqiltuu kanaa hin beekamu.
Ykn tarii, “Barsiisaan eebbawwaniin of ni mara.”
Ykn tarii, “Yaa Waaqayyo, gaachana keenya ilaali.”
Kal., “haguugdeetta.”
Ykn., “deebisii walitti nu qabi.”
Ykn., “badhaadhina.”
Ykn., “Gad jedhii na dhaggeeffadhu.”
Ykn., “lubbuu koo waanan sitti ol kaaseef.”
Ykn., “Lubbuu tajaajilaa keetii.”
Ykn., “garaa hin hihiramne naaf kenni.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuu koo barbaada.”
Ykn., “siin of dura hin kaaʼan.”
Ykn., “arjaa.”
Ykn., “dhugaan.”
Ykn., “Ragaa.”
Ykn., “amananii fudhatan.”
Ykn., “Ati anaaf madda wantoota hundumaa ti.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Gad jedhii iyya ani gargaarsa argachuuf dhiheessu dhagaʼi.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “awwaalaatti.”
Ykn., “Akka nama humna hin qabnee.”
Kal., “harka.”
Ykn., “Abaadoon.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn tarii, “Hundi isaanii takkaatti.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “jabaatee dhaabbata.”
Kal., “gaanfi.”
Kal., “gaanfi.”
Ykn., “Aangoo.”
Ykn., “murtiiwwan.”
Ykn., “Fincila.”
Kal., “Amanamummaan koos soba hin taʼu.”
Ykn., “Gaaddisawwan.”
Kal., “Harka mirgaa hamajaajota isaa ol qabdeetta.”
Kal., “harka Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuu isaa.”
Kal., “bobaa koo jalatti baachuuf.”
Ykn tarii, “iddoo kooluu itti gallu.”
Ykn., “ciniinsuudhaan argamsiisuu.”
Ykn., “beekta.”
Ykn., “jireenyi keenya ni dhuma.”
Ykn., “hafuura baafachuutti.”
Ykn., “Jabina addaatiin.”
Ykn., “cimsii dhaabi.”
Ykn., “cimsii dhaabi.”
Ykn., “eenyu illee akka sitti hin dhihaanne si golga.”
Kal., “haaloon irratti baʼamu.”
Ykn tarii, “dahoo kee; iddoo kooluu itti galtu.”
Kal., “natti waan of hidheef.”
Ykn., “amanee waan fudhateefis.”
Ykn., “Fayyina na biraa dhufus.”
Ykn., “muuziqaa qopheessuun.”
Ykn., “margaatti.”
Kal., “gaanfa.”
Ykn., “Yeroo harrii baasanitti.”
Kal., “coomanitti.”
Ykn., “Lafti oomisha kennitu.”
Ykn., “Gatantaruus.”
Ykn., “mana keetiif ni mala.”
Kal., “dhaabe.”
Kal., “callisee nan jiraadhan.”
Ykn., “Yaanni nama jeequ.”
Ykn., “na keessatti yommuu baayʼatetti.”
Ykn., “Jajjabinni kee lubbuu koo tasgabbeesse.”
Ykn., “Bulchitoonni; Abbootiin murtii.”
Ykn., “labsiidhaan.”
Ykn., “lubbuu nama qajeelaa.”
Kal., “Dhiiga nama qulqulluu yakkamaa (hamaa) godhu.”
Ykn., “ol kaʼaa taʼe.”
Kal., “cal jechisiisa.”
Kal., “cal jechisiisa.”
Kal., “fuula isaa.”
Kal., “harka isaa ti.”
“Wal Loluu” jechuu dha.
“Qorumsa” jechuu dha.
Ykn tarii, “Ulfina qulqullummaa isaatiin kan kaʼe.”
Ykn., “Yihowaa waaqeffadhaa.”
Ykn., “Lafti oomisha kennitu.”
Ykn., “gatantaruu.”
Ykn., “ni falma.”
Ykn., “waan dhufeef.”
Ykn., “lafa oomisha kennitu.”
Ykn., “isa waaqeffadhaa.”
Kal., “Ijoolleen durbaa.”
Ykn., “Humna.”
Kal., “Yaadannoo.”
Ykn., “injifannoo isaaf argamsiiseera.”
Ykn., “injifannoo Waaqa keenyaa.”
Ykn., “muuziqaas qopheessaa.”
Ykn., “muuziqaa qopheessaa.”
Ykn., “Lafti oomisha kennituu.”
Ykn., “waan dhufeef.”
Ykn., “Lafa oomisha kennitu.”
Ykn tarii, “kiruubelota gidduu.”
Ykn., “waaqeffadhaa.”
Kal., “isaan irratti haaloo baateetta.”
Ykn., “waaqeffannaa dhiheessaa.”
Ykn., “amanaa fudhadhaa.”
Ykn tarii, “malee nu miti.”
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Ykn., “amanamummaadhaan.”
Ykn., “Gochi isaanii natti hin maxxanu.”
Kal., “hin beeku.”
Ykn., “Nan balleessa.”
Ykn., “amanamummaadhaan.”
Kal., “ija koo.”
Ykn., “nan balleessa.”
Ykn., “dadhabettii.”
Ykn., “Gad jedhii na dhaggeeffadhu.”
Ykn tarii, “Huqqadheera.”
Ykn., “akka gowwaatti na ilaalanis.”
Ykn., “dheerachaa jiruu.”
Ykn., “Maqaan.” Kal., “Yaadannoon.”
Kal., “uumaman.”
Ykn., “awwaala.”
Ykn., “arjaa.”
Kal., “Iddoon isaas kana booda isa hin beeku.”
Ykn., “baraa hamma bara baraatti.”
Kal., “sagalee dubbii isaa dhagaʼuudhaan.”
Ykn., “Iddoo ol aantummaa isaa.”
Ykn., “Lubbuun koo.”
Kal., “bishaanota keessa.”
Ykn., “hin gatantartu.”
Ykn., “lageen gogaa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Ykn tarii, “Wantin waaʼee isaa xiinxalu kan gammachiisu haa taʼu.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “muuziqaa isaaf qopheessaa.”
Ykn tarii, “hundumaa dubbadhaa.”
Kal., “Dubbii ajajes.”
Kal., “Ulee daabboo isaanii ni cabse.” Tarii kun uleewwan daabboo kuusuuf oolan kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Kal., “ni cunqursan.”
Ykn., “Lubbuun isaa sibiila keessa gale.”
Ykn., “akkuma lubbuu isaatti toletti.”
Kal., “bulchitoota isaa akka hidhuuf.”
Ykn., “labooba ibiddaa.”
Kal., “isaan.”
Ykn., “aburdaallaa.” Simbira xinnoo furdoo taatee fi 18 cm dheerattu. Foon ishii kan nyaatamu.
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “milkii.”
Ykn., “hiika hojiiwwan kee warri dinqisiisoon qaban hin hubanne.”
Ykn., “lafa onaa.”
Ykn., “hin hafne.”
Ykn., “lubbuu isaanii.”
Ykn., “Siidaa baqfamee tolfameefis.”
Kal., “isa dura bakka urame sana keessa dhaabbate.”
Ykn., “isaan Baʼaal isa Pheʼoritti maxxanan.”
Jechuunis, aarsaawwan namoota duʼaniif ykn waaqolii lubbuu hin qabneef dhihaatan argisiisa.
“Wal Loluu” jechuu dha.
Ykn., “baratan.”
Kal., “harka.”
Ykn., “hedduu.”
Ykn., “ni gaabba ture.”
Ykn., “Haa taʼu!”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “deebisee bite.”
Ykn., “humna.”
Ykn., “Baha biiftuu fi lixa biiftuu.”
Ykn., “lubbuun isaanii gaggabee ture.”
Ykn., “lubbuu waxalame.”
Ykn., “Lubbuu.”
Ykn., “Lubbuun isaanii nyaata hundumaa jibbe.”
Ykn., “lubbuun.”
Kal., “Teessoo.”
Ykn., “iddoo ol kaʼaa irra kaaʼa,” jechuunis, iddoo bira hin gaʼamne.
Kal., “Ulfina kootiin illee.”
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Ykn tarii, “iddoo isaa isa qulqulluu keessaa.”
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Kal., “dahoo.”
Afaan Ibrootaatiin jechi kun ulee dheeraa kan argisiisu yeroo taʼu, uleen kun mirga ajajaan tokko ajaja kennuuf qabu kan bakka buʼu dha.
Ykn., “Inni himatu.”
Ykn., “hamaa.”
Kal., “Ilmaan.”
Kal., “Ilmaan.”
Ykn., “Warri dhalaan liqeessan wanta inni qabu hundumaatiif kiyyoo haa kaaʼan.”
Ykn., “jaalala amanamaa.”
Ykn., “Dhaloonni isaa warri gara fuulduraatti dhufan.”
Ykn., “jaalala amanamaa.”
Ykn., “gadde.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Kal., “Foon koo huqqateera, cooma (zayitii) hin qabu.”
Ykn., “qolootti.”
Ykn., “lubbuu isaa.”
Ykn., “Guyyaa raayyaan waraanaa kee sochoʼutti.”
Ykn., “hin gaabbu.”
Ykn., “gidduutti.”
Kal., “Mataa.”
Ykn., “guutummaa lafaas.”
Isa lakk. 1 irratti, “Gooftaa koo” jedhame argisiisa.
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “arjaa.”
Ykn., “hundee gaarii kan qabani dha.”
Kal., “isaan.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “arjaa.”
Ykn., “gaarummaadhaan.”
Ykn., “kutataa dha; cimaa dha.”
Ykn., “arjummaadhaan.”
Kal., “Gaanfi.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “teessoo irra taaʼu.”
Ykn tarii, “bakka kosii itti gatan.”
Ykn., “maseenni.”
Kal., “Ilmaan.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “Yaa Yihowaa, nuti homaa hin qabnu, eeyyee nuti homaa hin qabnu.”
Kal., “ilmaan.”
Kal., “gara iddoo callisaa taʼetti.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn tarii, “Yihowaan waan dhagaʼuuf, ani nan jaalladha.”
Ykn., “na dhaggeeffachuuf gad jedha.”
Kal., “Guyyoota kootti.”
Kal., “Dhiphinni Siʼool na argate.”
Ykn., “lubbuun koo.”
Ykn., “arjaa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “fayyina guddaa.”
Kal., “gatii guddaa qaba.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “qomoowwan.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “iddoo balʼaa.”
Ykn tarii, “warra na gargaaranii wajjin.”
Ykn tarii, “ati humnaan na darbatte.”
Ykn., “injifannoo.”
Kal., “Mataa golee.”
Ykn., “amanamummaa isaanii eegan.”
Kal., “Maal taʼa daandiiwwan koo jabaatanii utuu dhaabbatanii!”
Ykn., “Ajajawwan kee nan qoʼadha.”
Ykn., “Lubbuun koo.”
Kal., “na irraa gangalchi.”
Ykn., “dambiiwwan kee nan qoʼadha.”
Ykn., “qoʼadhuuf.”
Kal., “Daandii.”
Ykn., “Lubbuun koo.”
Ykn., “akkan qaanaʼu.”
Ykn tarii, “garaan koo amanannaa akka qabaatu waan gooteef.”
Kal., “duukaa nan fiiga.”
Ykn., “akkan deemu godhi.”
Ykn., “buʼaa argachuutti.”
Ykn., “Dubbii.”
Ykn tarii, “Waadaa warra si sodaataniif galte, tajaajilaa keetiif raawwadhu.”
Ykn., “dubbii.”
Ykn., “eeggadheef.”
Ykn., “Iddoo balʼaa.”
Ykn., “nan qoʼadha.”
Ykn., “Waadaa.”
Ykn., “Isa akkan eeggadhu goote.”
Ykn., “Mana ani nama biyya ormaa taʼee keessa jiraadhutti.”
Ykn., “Akka dubbii keetti.”
Ykn., “dogoggoraan cubbuu hojjechaan ture.”
Kal., “akkuma coomaatti miira kan hin qabne.”
Ykn., “Dubbii kee nan eeggadha.”
Ykn., “Akka dubbii keetti.”
Ykn tarii, “sobaan.”
Ykn., “ajajawwan kee nan qoʼadha.”
Ykn., “Dubbii kee nan eeggadha.”
Ykn., “Lubbuun koo fayyina si irraa argamu ni dharraʼa.”
Jechuunis, uumamawwan isaa hundi.
Kal., “baayʼee balʼaa dha.”
Ykn., “isa nan qoʼadha.”
Ykn., “waanan qoʼadhuuf.”
Kal., “aarsaa afaan kootii isan fedhiidhaan dhiheessutti.”
Ykn., “harka koo keessa jira.”
Ykn., “akka dhaala bara baraatti.”
Kal., “garaa koo itti qabeera.”
Ykn., “Namoota garaan isaanii hirame.”
Ykn., “Dubbii kee waanan eeggadhuuf.”
Ykn., “Akkuma dubbii keetti.”
Ykn., “qaaniitti.”
Kal., “foon.”
Ykn., “dubbii.”
Ykn., “qulqulleeffame.”
Ykn., “ajaja.”
Kal., “nan harganas.”
Ykn., “tarkaanfii koo cimsi.”
Kal., “na furi.”
Ykn., “Dubbii kee waanan eeggadhuuf.”
Ykn., “dimimmisa ganamaa keessa.”
Ykn., “qoʼachuu.”
Ykn., “Dhimma seeraa koo naaf ilaali.”
Ykn., “Dubbii.”
Ykn., “Wanti gufuu isaanitti taʼu hin jiru.”
Ykn., “Akkuma dubbii keetti.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuu koo.”
Kal., “Maal siif dabala?”
Ykn., “akka gatantaru.”
Kal., “Gad baʼuu kee fi ol galuu kee.”
Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “dallaawwan kee warra jajjaboo.”
Ykn., “lubbuun keenya akka malee quufeera.”
Ykn., “lubbuu keenya.”
Ykn., “lubbuu keenya.”
Ykn., “Lubbuun keenya.”
Ykn., “harka isaanii akka hin garagalchineef.”
Ykn., “lageen gogaa gara kibbaatti argaman.”
Ykn., “iddootti deebisi.”
Kal., “ilmaan.”
Kaasuutti baachuun harkaa fi irree gidduutti baachuu argisiisa.
Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “galmeessitee qabatta.”
Kal., “ni sodaatamta.”
Ykn., “lubbuun koo.”
Ykn., “Of.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “godoo qulqulluu isa guddaa.”
Kun Taaboticha kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “godoo qulqulluu isaa isa guddaatti.”
Kal., “Fuula isa dibde sanaa hin garagalchin.”
Kal., “firii gadameessaa.”
Kal., “gaanfi.”
Ykn tarii, “Iddoo qulqulluu keessaa.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “muuziqaa qopheessaa.”
Ykn., “gatii guddaa qabu.”
Ykn., “Hurkoonni.”
Ykn tarii, “Bokkaadhaaf boʼoo ni baasa.”
Ykn., “maqaan.” Kal., “yaadannoon.”
Ykn., “ni gaabba.”
Ykn., “Hubannaadhaan.”
Kal., “ni kukkute.”
Ykn., “salphifamnee.”
Kal., “Foon.”
Baabiloniin argisiisa.
Ykn tarii, “haa lamshaaʼu.”
Ykn tarii, “Waaqolii kaan mormee, muuziqaa siif nan qopheessa.”
Ykn., “godoo qulqulluu.”
Ykn tarii, “maqaa kee caalaa dubbii keetiif.”
Kal., “fagootti beeka.”
Kal., “na safarta.”
Ykn., “baayʼee kan na ajaaʼibsiisu dha.”
Ykn., “hubachuu.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn tarii, “walitti na hodhiteetta.”
Micireen ulfa guddachaa jiru argisiisa.
Ykn tarii, “isaan lakkaaʼaan jira.”
Ykn., “warri dhiigaan itti gaafataman.”
Ykn., “akka yaada isaaniitti.”
Ykn., “jeeqanis.”
Ykn., “Boolla bishaan qabu.”
Ykn., “biyyattii keessatti.”
Ykn., “si dura.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “hin dhangalaasin.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “jabinni.”
Kal., “akka na hin beekne.”
Ykn., “lubbuu kootiif.”
Kal., “qoodni koo si qofa dha.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “Jabinni.”
Ykn., “hojii harka keetii nan qoʼadha.”
Ykn., “Lubbuun koo.”
Kal., “Hafuurri.”
Ykn., “awwaalaatti.”
Ykn., “Lubbuu koo gara keetti waanan ol kaasuuf.”
Ykn., “biyya qajeelummaa keessa.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Kal., “cal jechisiisi.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “ol kaʼaa taʼee.”
Ykn., “dabsiitii.”
Ykn., “Qabaa.”
Kal., “Harki mirgaa isaanii harka mirgaa sobaa ti.”
Ykn., “muuziqaa siif nan qopheessa.”
Ykn., “fayyina.”
Ykn., “hubannaadhaa oli.”
Ykn., “humna kee isa sodaachisaa taʼee.”
Ykn., “arjaa.”
Ykn., “garaa qulqulluudhaan.”
Kal., “Foon.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “Lubbuun koo.”
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Ykn., “Guguddootatti.”
Ykn., “Daandii hamootaa akka jalʼatu godha.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “muuziqaa qopheessuun.”
Ykn., “gadde.”
Kal., “Cooma qamadiitiinis.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Kal., “Samiiwwan samiiwwanii.”
Kal., “durboonni.”
Kal., “Gaanfa.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “muuziqaa isaaf haa qopheessan.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “jabina isaatiif ragaa baʼu.”
Ykn., “faaggaadhaan.”
Siimbaaliin meeshaa muuziqaa sibiila irraa hojjetamuu fi yeroo walitti rukutamu sagalee guddaa dhageessisu dha.
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.